Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Mootummaan seenessa waloo ijaaruuf damee aartii irratti xiyyeeffatee hojjechaa tureera
Mar 26, 2026 125
Bitootessa 17/2018 (ENA): Mootummaan seenessa waloo fi Tokuummaa Itiyoophiyaa ijaaruuf damee aartii irratti xiyyeeffachuu isaa Deetaan Ministira Aadaa fi Ispoortii Piroofeesar Nabiyyuu Baayyee ibsaniiru. Dorgommiin aartii sarkisii marsaa jalqabaa Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Naannoo Oromiyaa fi Biiroo Aadaa fi Ispoortii Naannoo waliin qopheesse magaalaa Adaamaatti eegalameera. Ministir Deetaan kuni wayita sana akka jedhanitti, mootummaan ce’umsaa waggoota torban keessatti hojiilee aartii guddisuuf hojiilee hedduu raawwachaa tureera. Keessattuu gama guddina aartiif bu’uura mijataa ijaaruutiin tiyaatiraa fi sinimaa hedduun hojiitti galfamuu isaanii ibsaniiru. Kitaaba barnootaa keessatti aartii agarsiisaa hammachuu fi dhaloonni dargaggoo aartii akka baratu taasisuuf hojiiwwan adda addaa hojjetamaa turuu ibsaniiru. Walumaagalatti waggoota jijjirama darban keessatti mootummaan aartii guddisuuf tattaaffiin gochaa ture firii argachaa jira jedhan.   Hoggantuun Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Naannoo Oromiyaa Aadde Jamiilaa Simbruu akka jedhanitti, mootummaan naannichaa guddinaa aartii fi aadaaf xiyyeeffannoo addaa kennaa jira. Dameen aadaa fi aartii guddina biyyattiif gumaacha olaanaa waan qabuuf damicha daran guddisuuf qooda fudhattoota gidduutti qindoominni barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. Aartii fi ispoortiin sirkaa dandeettii qaamaa fi kalaqa akka walitti fidu ibseera; dargaggoota amala gaarii qaban ijaaruuf gargaaru.   Hoggantuun Biiroo Aadaa fi Ispoortii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Aadde Roozaa Biyyaa akka jedhanitti, guddina damee ispoortii naannichaa saffisiisuuf hojiiwwan misooma bu’uuraalee misoomaa bal’inaan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Kana qofa osoo hin taane, leenjii fi dandeettii dargaggoota damee ispoortii adda addaatiin naannichatti xiyyeeffannoo guddaadhaan gaggeeffamaa jiraachuus itti dabaluun ibsaniiru.
Milkaa’inni Invastimantii kallattii alaa Itiyoophiyaa agarsiiftuu bu’aa hojiirra oolmaa imaammata dhimma alaati
Mar 26, 2026 95
Bitootessa 17/2018 (ENA) - Milkaa’inni daldalaa fi Invastimantii kallattii alaa Itiyoophiyaa agarsiiftuu bu’aa hojiirra oolmaa imaammata dhimma alaa ta’uusaa deneetaan ministira dhimma alaa ambaasaaddar Birhaanuu Tsaggaayee ibsan. ‘Foramiin Itiyoophiyaatti invast godhaa’ jedhu kan 4ffaan mata duree “Itiyoophiyaan biizinasiif qophiidha” jedhuun Finfinneetti taa’amaa jira. De’eetaan ministira dhimma alaa ambaasaaddar Birhaanuu Tsaggaayee wayita kana, Itiyoophiyaan tumsa daldalaa fi Invastimantii fooyyessuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jirti jedhaniiru. Foramiin Invastimantii Itiyoophiyaa 4ffaanis tumsa biizinsii gabbisuun waliigaltee fi tumsa waloo ijaaruuf faayidaa olaanaa akka qabaatu ibsaniiru. Milkaa’inni daldalaa fi invastimantii kallattii alaa Itiyoophiyaa agarsiiftuu bu’aa hojiirra oolmaa imaammata dhimma alaa ta’uu dubbataniiru. Boqonnaa murteessaarra kan jiru dinagdeen Itiyoophiyaa daldalaa fi invastimantiif dirreen mijataan uumamuusaa akka agarsiisu de’eetaan ministiraa kun ibsaniiru. Fooyyessi dinagdee gooroo man-dhalee Itiyoophiyaa invastimantii kallattii alaa jajjabeessaa akka jiru ibsaniiru. Kanaaf ammoo dameelee oomisha qonnaa qiqindeessuu, huccuu, humna haaromfamaa,albuudaa fi teeknooloojiitiin carraalee invastimantii bal’aa banuuf akka gargaare himaniiru. Fuulduras dureeyyiin idil addunyaa dirree daldalaa fi invastimantii mijataa Itiyoophiyaan uumtetti akka fayyadaman dhaamaniiru.
Naannichatti Dameen miidiyaa fi komunikeeshinii qindoominaan waliin hojjechuun odeeffannoo sirrii fi si’ataa ta’e ummata biraan ga’uun danda’ameera
Mar 26, 2026 146
Bitootessa 17/2018 (ENA): Biiroon komunikeeshinii naannoo Oromiyaa odeeffannoo sirrii fi si’ataa ta’e ummata biraan ga’uuf dameen miidiyaa fi komunikeeshinii naannichaa waliin hojjechaa jiraachuu beeksise. Waltajjiin Miidiyaa fi komunikeeshinii naannichaa gamaaggama karoora ji’oota sagalii fi sagantaa ifoomsa marsareetii (weebsaayitii) qindoome biiroon qopheesse gaggeessaa jira. Hogganaan biiroo kominikeeshinii naannichaa obbo Hayiluu Addugnaa, wayita sana akka jedhanitti, biiroon odeeffannoo naannichaa bulchuu fi suuraa gaarii ijaaruuf ciminaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Biirichi mootummaa fi ummata gidduutti wal amantaa uumuu fi hojiiwwan miidiyaa fi hariiroo hawaasaa qindeessuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Keessattuu waggoota darban keessatti waltajjiin waloo seektaroonni miidiyaa fi komunikeeshinii waliin hojjetan hundeessuun ijaarsa seeneffama waloo cimsuu fi odeeffannoo sobaa ittisuuf gargaarsa guddaa ta’uu ibsaniiru. Marsareetiin odeeffannoo walitti qabuu fi qindeessu, har’a ifoome, bulchiinsa odeeffannoo ammayyaa, sirna odeeffannoo dhugaa irratti ijaaramee fi qaqqabummaa amanamaa dhugoomsuuf kan gargaaru ta’uu ibsaniiru. Biiroon kun qormaata tajaajila odeeffannoo bara teeknooloojiitti uumamuu malu ittisuuf wiirtuu bulchiinsa odeeffannoo ijaaraa akka jiru hubachiisaniiru. Marsareetiin kuni caasaa komunikeeshinii sadarkaa sadarkaan jiru irraa odeeffannoo walitti qabuu qofa osoo hin taane, hariiroo miidiyaa, dhaabbilee mootummaa fi ummata gidduu jiru sadarkaa ol’aanaatti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru. Kunis qaama galma Dijitaalaa Itiyoophiyaa bara 2030 kan ta’ee fi biiroon tajaajila isaa gama hundaan dijiitaalaa taasisuuf hojii eegale cimsee odeeffannoo qulqullinaa fi walsimaa ta’e fayyadamaa bira akka ga’u taasisuudha jedhaniiru.   Hirmaattonni waltajjichaa gama isaaniitiin, Waltajjiin Miidiyaa fi Komunikeeshinii damee kana keessatti walhubannaa fi qindoomina uumeera jedhan. Marsareetii eegalame kun bu’aalee naannichatti galmaa’aa jiru dhaqqabamaa taasisuun hirmaannaa hawaasummaa, diinagdee fi siyaasaa ummataa guddisuuf kan gargaaru ta’uu himaniiru. Waltajjicharratti qooda fudhattoota sirna bulchiinsa odeeffannoo dijitaalaa Biiroo Kominikeeshinii Mootummaa Naannoo Oromiyaatiin eegalame milkeessuuf gumaachan galateeffateeffataniiru.
Qulqullinaa fi nageenya oomishaalee beeyladaa eeguun fedhii oomishaalee beeyladaa gabaa biyya alaa keessatti guddisuuf tattaaffiin cimaan taasifamaa jira
Mar 26, 2026 103
Bitootessa 17/2018 (ENA): Qulqullinaa fi nageenya oomisha beeyladaa eeguun fedhii oomishaalee beeyladaa gabaa biyya alaa irratti dabaluuf carraaqqiin cimaan taasifamaa jiraachuu Abbaan Taayitaa Qonnaa Itiyoophiyaa beeksise. Labsiin Fayyaa fi nageenya Beeyladaa dambiiwwanii fi sadarkaa mirkaneessa qulqullinaa fi nageenya oomisha beeyladaa mirkaneessan of keessatti hammate qophaa’ee hojiirra oolaa jira. Qulqullina omishaalee eeggachuu fi fedhii isaa guddisuun gabaadhaaf sadarkaa adda addaa dhiyeessuu haala qindoomina qabuun hojjetamaa akka jiru ibsameera. Dhimma kana ilaalchisee ENA waliin turtii kan taasisan, Abbaa Taayitaa Qonnaa Itiyoophiyaatti hojii gaggeessaa kutaa to'annoo oomishaalee beeyladaa Dr. Ayyaaloo Shumat Abbootii qabeenyaa gara gabaa biyya alaatti ergaa jiran waliin walitti dhiyeenyaan hojjechuun, qulqullinaa fi nageenya omishaa mirkaneessuun fedhii oomishaalee foonii guddisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. To’annoo, hordoffii fi deeggarsa dabalatee dandeettii ogeessota damichaa dabaluu, akkasumas teeknooloojii ammayyaa fayyadamuun bishaan xuraa’aa fi balfa jajjaboo mana qalmaa keessatti gatuuf akka oolu ibsaniiru. Balfi jajjaboo mana qalmaa irraa maddu xaa’oo uumamaaf ooluu eeruun; bishaan xuraa’aas qulqullaa’ee tajaajilaaf akka oolu taasifamaa jira jedhan. Ijaarsi iddoo tursiisaa ammayyaa qulqullinaa fi nageenya oomisha beeyladaa gabaa biyya alaatti ergamu mirkaneessuu irratti milkaa’uusaa ibsaniiru. Tarsiimoo misooma beeyladaa waliigalaa uumuu fi oomishaalee gatii dabalataa ammayyaatiin gabaaf dhiyeessuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu eeraniiru. Haaluma kanaan qulqullinaa fi nageenya oomishaalee gara gabaa biyya alaatti ergaman mirkaneessuuf tattaaffiin taasifamaa jiru bu’aa gaarii galmeessisaa jiraachuu ibsaniiru. Qulqullinaa fi nageenya oomishaalee eeguun fedhii oomishaalee beeyladaa gabaa biyya alaa keessatti dabaluuf hojiin qindoominaan hojjetamaa jirus itti fufuu akka qabus mirkaneessaniiru. #Ena Afaan Oromoo#TOI#Ena
Kan mul'ate

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa

Jiraattonni magaalaa Jimmaa filannoorratti hirmaachuuf kaardii fudhachaa jiru
Mar 26, 2026 113
Bitootessa 17/2018 (ENA) - Jiraattonni magaalaa Jimmaa filannoo walii galaa 7ffaarratti hirmaachuuf kaardii fudhachaa jiraachuu dubbatan. Filannoo walii galaa 7ffaa Caamsaa 24 bara 2018 gaggeeffamuuf Guraandhala 28 bara 2018 irraa eegalee galmeen filattootaa gaggeeffamaa jira. Jiraattonni magaalaa Jimmaa kaardii filannoo fudhachaa osoo jiranii ENAn dubbise akka jedhanitti filannicharratti dammaqinaan hirmaachuun ijaarsa sirna demokiraasii biyyasaaniif qoodasaanii bahachaa akka jiran kaasaniiru. Kanneen keessaa obbo Geetaachoo Wadajoo, filannoo walii galaa 7ffaa irratti hirmaachuuf kaardii filannoo fudhataniiru. Kana malees paartileen siyaasaa imaammatasaanii miidiyaan dhiheessaa jiran hordofaa akka jiran dubbataniiru. Kanneen biroos kaardii filannoo yeroon fudhachuun mirga demokiraasii isaaniitti fayyadamuun paartii siyasaa imaammata guddina biyyaaf ta’u qabu akka filatan gorsaniiru. Jiraataan magaalichaa dargaggoo Zarihun Jihaad kaardii fudhachuun paartii imaammata gudduina biyyaaf qabu filachuuf bu’ura waan ta’eef kaardii fudhachuusaa ibseera. Kaardii fudhateen paartii fayyadama dargaggootaa mirkaneessuu fi guddina biyyaa itti fufsiisu filachuuf qophaa’uusaa dubbateera. Jiraattuun magaalaa Jimmaa adde Alamtsahaayi Tsaadiquu, filannoo walii galaa 7ffaa irratti hirmaahuuf kaardii filannoo fudhachuusaanii dubbatanii, paartii fayyadama dubartootaaf ni hojjeta jedhan filachuuf karoorfachuusaanii dubbataniiru.
Paartileen siyaasaa naannicha keessatti socho’an filannoon waliigalaa karaa nagaa, haqa qabeessaa fi dimokiraatawaa akka gaggeeffamuuf dammaqinaan hirmaachaa jiru
Mar 24, 2026 1092
Bitootessa 15/2018 (ENA): Filannoon waliigalaa karaa nagaa, haqa qabeessaa fi dimokiraatawaan akka gaggeeffamuuf paartileen siyaasaa naannoo Oromiyaa keessatti socho’an dammaqinaan hirmaachaa akka jiran Manni Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Naannoo Oromiyaa beeksise.   Manni Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Naannoo Oromiyaa mata duree “Filannoo fi Gahee Paartilee Siyaasaa” jedhuun paartilee miseensa ta’aniif leenjii kenneera. Kanuma waliin Dura Taa’aan Mana Maree Waloo Paartiilee Siyaasaa Naannoo Oromiyaa obbo Salamoon Taaffasaa filannoon waliigalaa 7ffaa karaa dimokiraatawaa, haqa qabeessa, amanamaa fi dimokiraatawaa ta’een akka gaggeeffamuuf paartileen siyaasaa mana maricha waliin hidhata qaban dammaqinaan hirmaachaa akka jiran ibsaniiru. Filannoon karaa dimokiraatawaa, haqa qabeessa, amanamaa fi dimokiraatawaan akka gaggeeffamuuf paartileen siyaasaa ga’ee isaanii sirnaan ba’aa jiraachuus ibsaniiru. Adeemsi filannoo dimokiraatawaa ta’ee akka itti fufuuf miseensonni Mana Maree Waloo hirmaannaa dammaqinaan ni cimsa jedhaniiru. Itti dabaluunis miseensonni Mana Maree Waloo aangoon kan argamuu danda’u karaa dimokiraatawaa qofa ta’uu amanuudhaan qooda fudhattoota biroo waliin qindoominaan hojjechaa akka jiran ibsaniiru. Filannoon kun paartilee murtaa’an qofaan bu’a qabeessa waan hin taaneef qooda fudhattoonni hundi waliin hojjechuu akka qabanis dubbataniiru. Paartileen siyaasaa filannoo waliigalaa 7ffaa irratti hirmaatan dorgommii fi tumsa irratti hundaa’uun adeemsa filannoo irratti hirmaachuu akka qabanis ibsaniiru.   Paartileen siyaasaa waltajjicharratti hirmaatan gama isaaniitiin akka himanitti, filannoo waliigalaa 7ffaa adeemsifamaa jiruun hojii gaarii hojjechaa jiraachuu isaanii ibsaniiru. Paartileen siyaasaa waldorgoman rakkoolee dhuunfaan isaan mudatan irra aanuuf akka gareetti siyaasa keessatti hirmaachuu akka qabanis dubbataniiru. Filannoon kun haqa qabeessaa fi bilisa ta’een akka gaggeeffamuuf ummanni, paartileen siyaasaa fi mootummaan waliin hojjechuu akka qabanis dubbataniiru. #Ena Afaan Oromoo #ENA
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa kaadhimamtootaafi paartilee siyaasaa waraqaa sagaleen ittiin kennamu irratti sagantaa carraa buusuu gaggeessaa jira.
Mar 23, 2026 1132
Bitootessa 14/2018 (ENA): Maqaa fi mallattoo paartilee siyaasaa fi kaadhimamaa dhuunfaa Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaatti galmaa’an qindeessuuf carraan gaggeeffamaa jira. Walitti qabduu Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa aadde Meelaatewarqi Hayiluu, wayita sana akka ibsanitti, filannoo waliigalaa torbaffaaf hojii qophii barbaachisaa ta’e raawwachaa jiraachuu himaniiru. Adeemsa kana keessatti waldaalee siivikii, paartilee siyaasaa, miidiyaalee, qaamolee nageenyaa fi qooda fudhattoota biroo waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuus beeksisaniiru.   Tokkoon tokkoon naannoo filannootti galmeen kaadhimamaa paartilee siyaasaa xumuramuu fi tarreen dorgomtootaa ifatti maxxanfamuu kan ibsan walitti qabduun kuni, komii dhiyaateefis deebii kennaa jiraachuu ibsaniiru. Yeroo ammaa galmeen filattotaa gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’u, akka ragaan guyyoota afur dura qindaa’etti lammiileen miiliyoona 18 ol filachuuf galmaa’aniiru. Walitti qabduun boordichaa adeemsi galmee dijiitaalaa fi harkaan raawwatamaa akka jiru ibsuun, naannolee rakkoon sirnaa fi neetworkii qaban keessatti galmeen harkaan raawwatamaa jira jedhani.   Buufata filannoo kuma 46 fi 757 keessatti meeshaaleen filannoo raabsamuus ibsaniiru. Dhaabbilee siyaasaa boordii kanarratti galmaa'an 47’n kaadhimamtoonni 10,934 kan dhiyaatan yoo ta'u, isaan keessaa 2,998 Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa, 8,736 ammoo bakka bu'oota naannoo ta'uun ni beekama. Kaadhimamtoonni 73 dhuunfaan dorgomuufis galmaa’aniiru.
Paartileen siyaasaa yaada isaanii ummata biraan gahachuu akka danda’an haalli mijataan uumameera.
Mar 22, 2026 961
Bitootessa 13/2018 (ENA): Dhaabbanni Miidiyaa Dirree Dawaa Paartileen siyaasaa filannoo kanarratti hirmaatan yaada isaanii ummata biraan akka gahataniif haala mijataan uumamuu beeksise. Paartileen yaada imaammataa isaanii ummata biraan gahachuuf filannoo dimokiraatawaa, hirmaachisaa fi nagaa taasisuuf gahee isaanii bahaa jiraachuus ibseera. Hogganaan Waliigalaa dhaabbatichaa obbo Xaahir Roobilee ENAtti akka himanitti, paartileen siyaasaa filannoo waliigalaa 7ffaa bara kana gaggeeffamu irratti hirmaatan buufataalee televijiinii fi raadiyoo dhaabbatichaa fayyadamuun yaada imaammataa filannoo isaanii ummata biraan akka gahatan taasisaa jirra jedhani. Yeroo qilleensaa buufataalee irratti hayyamameen alattis, karaaleen miidiyaa hawaasaa dhaabbatichaa imaammata isaanii walqixxummaa fi haqummaan beeksisuuf itti fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Akka hogganaan kun jedhanitti, dhaabbatichi waltajjiiwwan falmii paartileen siyaasaa filannoo waliigalaa 7ffaa irratti hirmaataniin gaggeeffamaa jiran ummata biraan gahaa jiraachuu himaniiru. Falmiin paartii biyya bulchaa jiruu fi paartileen siyaasaa morkattootaa dhimma hawaasummaa fi diinagdee irratti gaggeessan ummata bira akka dhaqqabamu taasifamaa jiraachuu kaasaniiru. Yaadota filannoo paartilee ummataaf dhaqqabamaa taasisuun filattootni odeeffannoo argatan irratti hundaa’uun paartii barbaadaniif sagalee isaanii akka kennan ni gargaara jedhan. Leenjiin ijaarsa dandeettii kennameen paartileen siyaasaa filannoo kanarratti hirmaatan hundi haqa qabeessaa fi walqixxummaan akka tajaajilan taasiseera jedhan. Paartileen sa’aatii qilleensaa dhaabbatichi kennu hafetti fayyadamuun yaada isaanii ummata bira akka ga’atan waamicha dhiyeessaniiru.

Hawaasummaa
Mootummaan seenessa waloo ijaaruuf damee aartii irratti xiyyeeffatee hojjechaa tureera
Mar 26, 2026 125
Bitootessa 17/2018 (ENA): Mootummaan seenessa waloo fi Tokuummaa Itiyoophiyaa ijaaruuf damee aartii irratti xiyyeeffachuu isaa Deetaan Ministira Aadaa fi Ispoortii Piroofeesar Nabiyyuu Baayyee ibsaniiru. Dorgommiin aartii sarkisii marsaa jalqabaa Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Naannoo Oromiyaa fi Biiroo Aadaa fi Ispoortii Naannoo waliin qopheesse magaalaa Adaamaatti eegalameera. Ministir Deetaan kuni wayita sana akka jedhanitti, mootummaan ce’umsaa waggoota torban keessatti hojiilee aartii guddisuuf hojiilee hedduu raawwachaa tureera. Keessattuu gama guddina aartiif bu’uura mijataa ijaaruutiin tiyaatiraa fi sinimaa hedduun hojiitti galfamuu isaanii ibsaniiru. Kitaaba barnootaa keessatti aartii agarsiisaa hammachuu fi dhaloonni dargaggoo aartii akka baratu taasisuuf hojiiwwan adda addaa hojjetamaa turuu ibsaniiru. Walumaagalatti waggoota jijjirama darban keessatti mootummaan aartii guddisuuf tattaaffiin gochaa ture firii argachaa jira jedhan.   Hoggantuun Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Naannoo Oromiyaa Aadde Jamiilaa Simbruu akka jedhanitti, mootummaan naannichaa guddinaa aartii fi aadaaf xiyyeeffannoo addaa kennaa jira. Dameen aadaa fi aartii guddina biyyattiif gumaacha olaanaa waan qabuuf damicha daran guddisuuf qooda fudhattoota gidduutti qindoominni barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. Aartii fi ispoortiin sirkaa dandeettii qaamaa fi kalaqa akka walitti fidu ibseera; dargaggoota amala gaarii qaban ijaaruuf gargaaru.   Hoggantuun Biiroo Aadaa fi Ispoortii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Aadde Roozaa Biyyaa akka jedhanitti, guddina damee ispoortii naannichaa saffisiisuuf hojiiwwan misooma bu’uuraalee misoomaa bal’inaan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Kana qofa osoo hin taane, leenjii fi dandeettii dargaggoota damee ispoortii adda addaatiin naannichatti xiyyeeffannoo guddaadhaan gaggeeffamaa jiraachuus itti dabaluun ibsaniiru.
Diinagdee
Milkaa’inni Invastimantii kallattii alaa Itiyoophiyaa agarsiiftuu bu’aa hojiirra oolmaa imaammata dhimma alaati
Mar 26, 2026 95
Bitootessa 17/2018 (ENA) - Milkaa’inni daldalaa fi Invastimantii kallattii alaa Itiyoophiyaa agarsiiftuu bu’aa hojiirra oolmaa imaammata dhimma alaa ta’uusaa deneetaan ministira dhimma alaa ambaasaaddar Birhaanuu Tsaggaayee ibsan. ‘Foramiin Itiyoophiyaatti invast godhaa’ jedhu kan 4ffaan mata duree “Itiyoophiyaan biizinasiif qophiidha” jedhuun Finfinneetti taa’amaa jira. De’eetaan ministira dhimma alaa ambaasaaddar Birhaanuu Tsaggaayee wayita kana, Itiyoophiyaan tumsa daldalaa fi Invastimantii fooyyessuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jirti jedhaniiru. Foramiin Invastimantii Itiyoophiyaa 4ffaanis tumsa biizinsii gabbisuun waliigaltee fi tumsa waloo ijaaruuf faayidaa olaanaa akka qabaatu ibsaniiru. Milkaa’inni daldalaa fi invastimantii kallattii alaa Itiyoophiyaa agarsiiftuu bu’aa hojiirra oolmaa imaammata dhimma alaa ta’uu dubbataniiru. Boqonnaa murteessaarra kan jiru dinagdeen Itiyoophiyaa daldalaa fi invastimantiif dirreen mijataan uumamuusaa akka agarsiisu de’eetaan ministiraa kun ibsaniiru. Fooyyessi dinagdee gooroo man-dhalee Itiyoophiyaa invastimantii kallattii alaa jajjabeessaa akka jiru ibsaniiru. Kanaaf ammoo dameelee oomisha qonnaa qiqindeessuu, huccuu, humna haaromfamaa,albuudaa fi teeknooloojiitiin carraalee invastimantii bal’aa banuuf akka gargaare himaniiru. Fuulduras dureeyyiin idil addunyaa dirree daldalaa fi invastimantii mijataa Itiyoophiyaan uumtetti akka fayyadaman dhaamaniiru.
Qulqullinaa fi nageenya oomishaalee beeyladaa eeguun fedhii oomishaalee beeyladaa gabaa biyya alaa keessatti guddisuuf tattaaffiin cimaan taasifamaa jira
Mar 26, 2026 103
Bitootessa 17/2018 (ENA): Qulqullinaa fi nageenya oomisha beeyladaa eeguun fedhii oomishaalee beeyladaa gabaa biyya alaa irratti dabaluuf carraaqqiin cimaan taasifamaa jiraachuu Abbaan Taayitaa Qonnaa Itiyoophiyaa beeksise. Labsiin Fayyaa fi nageenya Beeyladaa dambiiwwanii fi sadarkaa mirkaneessa qulqullinaa fi nageenya oomisha beeyladaa mirkaneessan of keessatti hammate qophaa’ee hojiirra oolaa jira. Qulqullina omishaalee eeggachuu fi fedhii isaa guddisuun gabaadhaaf sadarkaa adda addaa dhiyeessuu haala qindoomina qabuun hojjetamaa akka jiru ibsameera. Dhimma kana ilaalchisee ENA waliin turtii kan taasisan, Abbaa Taayitaa Qonnaa Itiyoophiyaatti hojii gaggeessaa kutaa to'annoo oomishaalee beeyladaa Dr. Ayyaaloo Shumat Abbootii qabeenyaa gara gabaa biyya alaatti ergaa jiran waliin walitti dhiyeenyaan hojjechuun, qulqullinaa fi nageenya omishaa mirkaneessuun fedhii oomishaalee foonii guddisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. To’annoo, hordoffii fi deeggarsa dabalatee dandeettii ogeessota damichaa dabaluu, akkasumas teeknooloojii ammayyaa fayyadamuun bishaan xuraa’aa fi balfa jajjaboo mana qalmaa keessatti gatuuf akka oolu ibsaniiru. Balfi jajjaboo mana qalmaa irraa maddu xaa’oo uumamaaf ooluu eeruun; bishaan xuraa’aas qulqullaa’ee tajaajilaaf akka oolu taasifamaa jira jedhan. Ijaarsi iddoo tursiisaa ammayyaa qulqullinaa fi nageenya oomisha beeyladaa gabaa biyya alaatti ergamu mirkaneessuu irratti milkaa’uusaa ibsaniiru. Tarsiimoo misooma beeyladaa waliigalaa uumuu fi oomishaalee gatii dabalataa ammayyaatiin gabaaf dhiyeessuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu eeraniiru. Haaluma kanaan qulqullinaa fi nageenya oomishaalee gara gabaa biyya alaatti ergaman mirkaneessuuf tattaaffiin taasifamaa jiru bu’aa gaarii galmeessisaa jiraachuu ibsaniiru. Qulqullinaa fi nageenya oomishaalee eeguun fedhii oomishaalee beeyladaa gabaa biyya alaa keessatti dabaluuf hojiin qindoominaan hojjetamaa jirus itti fufuu akka qabus mirkaneessaniiru. #Ena Afaan Oromoo#TOI#Ena
Mootummaan damee  invastimantii jajjabeessuuf riifoormii bal’aa hojiirra oolche bu’aa qabatamaa argamsiisaa jira
Mar 26, 2026 58
Bitootessa 17/2018 (ENA): Mootummaan damee invastimantii jajjabeessuuf riifoormii bal’aa hojiirra oolche bu’aa qabatamaa argamsiisaa jiraachuu himan Komishinarri Komishinii Invastimantii Itiyoophiyaa Dr. Zallaqaa Tamasgeen. Fooramiin Invastimantii Itiyoophiyaa 4ffaa mata duree "Itiyoophiyaan biizinasiif qophiidha” jedhuun jedhuun magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.   Itiyoophiyaan invastimantiif qophii ta’uu ishee qabatamaan mirkaneessaa akka jirtu ibsaniiru. Akka Dr. Zallaqaa Tamasgeen ibsanitti yeroo ammaa biyyattiin gama invastimantiitiin jijjiirama dhugaa keessa jirti. Jijjiiramni guddaan amma mul’atu, dandeettii beeksisuu caalaa gara bu’aa qabatamaa agarsiisuutti, akkasumas marii irraa gara gochaatti ce’uu keenya ta’uu dha jedhaniiru. Kanaaf akka fakkeenyaatti waltajjiin "Itiyoophiyaatti invasti godhaa” kan jedhu bara darbee irratti hirmaattonni biyyoota 58 irraa babbahan 750 ol kan hirmaatan yoo ta'u, waadaan invastimantii Doolaara Ameerikaa biiliyoona 1.6 ol akka argame eeraniiru. Mootummaan damee invastimantii haaromsuu fi hawwata isaa guddisuuf tattaaffii haaromsaa taasisaa jiru bu’aa argamsiisaa jira jedhan. Haaromsi imaammata diinagdee Gooroo, bu’uuraalee seeraa fi mala dhaabbilee irratti taasifate, keessumaa riifoormii dinagdee biyya keessaatiin taasifamu damicha cimsuuf bu’uura guddaa kan kaa’e ta’uu ibsaniiru.   Dhaabbileen marsaa hojiirra oolmaa seenan hedduun amma oomisha isaanii gabaa idil-addunyaatiif dhiyeessuu eegalaniiru jedhan. Kunis Itiyoophiyaan fedhii invastimantii gara bu’aa qabatamaatti jijjiiruuf dandeettii qabdu cimsaa akka jirtu ifatti kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru. Riifoormichi kaayyoo yaadame galmaan gahuu fi badhaadhina biyyaa akka mirkaneessu qooda fudhattoonni hundi carraaqqii isaanii itti fufuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Riifoormiin dinagdee Gooroo guutuun yaa’insa invastimantii Itiyoophiyaa fi Xaaliyaanii gidduu jiru sadarkaa haaraatti ol guddiseera
Mar 25, 2026 333
Bitootessa 16/2018 (ENA): Riifoormii dinagdee Gooroo guutuu Itiyoophiyaan hojiirra oolchite yaa’insa invastimantii Itiyoophiyaa fi Xaaliyaanii gidduutti heddumminaa fi qulqullinaan guddina olaanaa galmeessisuu dandeessiseera jedhan Ministirri Maallaqaa Ahimad Shideen. Waltajjiin Itiyoo-Xaaliyaan jalqabaa Konistiraakshinii, Bu’uuraalee misoomaa fi Misooma Magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.   Ministirri Maallaqaa Ahimad Shidee saganticharratti haasawa taasisaniin, haaromsi guutuun Itiyoophiyaan hojiirra oolchite invastimantii idil-addunyaatiif haala mijataa fi hawwataa ta’e uumeera jedhan. Haaromsi dinagdee maakroo kun walitti dhufeenya invastimantii Itiyoophiyaa fi Xaaliyaanii dameelee adda addaatiin, baay’inaafi qulqullinaan haalaan akka dabalu ibsaniiru. Invastaroota Xaaliyaanii Itiyoophiyaatti dameewwan invastimantii ijaarsaa, dhiyeessii maashinarii fi kanneen biroo adda addaa irratti bobba’uun bu’aa qabatamaa galmeessisaa akka jiran hubachiisaniiru. Walta’iinsi biyyoota lamaanii kun dinagdeetiin ala dameewwan misoomaa fi kanneen birootiin daran akka cimus eeraniiru. Itiyoophiyaan bu’uuraalee misoomaa fi sirna hojii dhaabbilee idil-addunyaa hawwatu ijaaraa akka jirtu eeruun, keessumaa magaalaan Finfinnee abbootii qabeenyaa biyya alaatif bakka filatamaa ta’aa akka jirtu hubachiisaniiru.   Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Xaaliyaanii Seem Fabriziin gama isaaniitiin akka ibsanitti Itiyoophiyaa fi Xaaliyaan hariiroo seena qabeessaa fi yeroo dheeraa ta’e qabaachuu himani. Biyyoonni lamaan dameelee adda addaatiin mul’ata waloo akka qaban ibsuun; Waltajjiin kun tumsa isaanii sadarkaa itti aanutti ceesisuuf gahee murteessaa akka taphatu dubbatani. Baniinsa Fooramichaa irratti Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen, Ministirri Jallisii fi Naannawaa Gammoojjii Dr. Abrahaam Balaay, Itti aanaan Ministeera Dhimma Alaa fi Tumsa Idil Addunyaa Xaaliyaanii Maariyaa Tiriippoodii, Deetaan Ministeera Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa Dr. Yeetimgeetaa Asraat, Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Xaaliyaanii Seem Fabriizii fi haggantoonni hojii olaanoo biroo argamaniiru. #Ena Afaan Oromoo#TOI#ENA
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Magaala Jimmaatti Tajaajilli wiirtuu tokkoo “Masoob” manguddootaa fi qaama miidhamtootaaf haala mijataa uumeeta
Mar 25, 2026 316
Bitootessa16/2018(ENA)-Magaalaa Jimmaatti Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob Manguddootaa fi qaama miidhamtootaaf haala mijataa uumuusaa jiraattonni magaalichaa ibsan. Magaalaa Jimmaatti Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob erga eegalamee ji’oota 6 lakkoofsiserra. Tajaajilichaan hawaasni Magaalichaa tajaajiloota hunda bakka tokkotti argachuu isaaniitiin yeroo fi maallaqa isaanii qusachuu danda’uusaa ibsaniiru.   Jiraataan Magaalaa Jimmaa Obbo Nuurii Yesuuf kanaan dura kaffaltii bishaanii fi ibsaa raawwachuuf guyyoota hedduu itti fudhachaa turuu ibsuun, amma garuu Masoob giddugala tajaajila tokkootti yeroo gabaabaa keessatti xumurachuusaanii ibsaniiru. Tajaajilichi yeroo fi baasii kan qusatu ta’uusaa obbo Nuuriin ibsaniiru.   Jiraataan Magaalatti biroon Obbo Muktaar Ibraahim tajaajila qabiyyee lafaa wajjin walqabatu argachuuf gara gidduugalichaa dhufuu isaanii ENA’f ibsaniiru. Ammaan dura tajaajila kana argachuuf seektaroota garagaraa irraa deddeebi’aa akka turan dubbachuun amma garuu guyyaa tokko keessatti xumuramaafii akka jiru dubbataniiru.   Itti Aanaan Hoji Gaggeessaa Giddugalichaa Obbo Abdii Salamoon gidduugalli tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob ji’oota 6n darban keessatti tajaajiloota kuma 84 ol kennuu dubbataniiru. Sektaraaleen 25 giddu galichaa keessatti hammatamuu ibsuun, hojjettoonni 103 hawaasa tajaajilaa jiru jedhaniiru. Tajaajilli Maanguddootaa fi qaama miidhamtoota giddu galeessa godhates kennamaa jirachuus ibsaniiru. Hojjettoonni tajaajila kennan gara manguddootaa fi qaama miidhamtootaatti dhiyaatanii tajaajiluun alatti, tajaajilli liiftii addaa qophaa'uus Obbo Abdiin dubbatan.   Fuuladurattis dameewwan giddugalichaa ganda magaalatti keessatti banuun caalaatti hawaasatti dhiyaachuuf karoorfamuusaas ibsaniiru. Kana malees, tajaajila gidduugalichaa socho'aa taasisuuf hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.
Imala Dijitaalaa Itiyoophiyaa dhugoomsuuf dandeettii fi beekumsa lammiilee guddisuu irratti xiyyeeffatamuu qaba
Mar 13, 2026 225
Bitootessa 4/2018 (ENA): Imala Dijitaalaa Itiyoophiyaa dhugoomsuuf dandeettii fi beekumsa lammiilee damee kanarratti qaban guddisuu irratti xiyyeeffatamuu qaba jedhani hayyoonni damee kanaa. Tarsiimichi bu’uuraalee misoomaa dijitaalaa diriirsuu, waraqaa eenyummaa dijitaalaa dhaqqabamaa taasisuu, faayinaansii dijitaalaa cimsuu, tajaajila hijii mootummaa dijitaalaa dhaqqabamaa taasisuu irratti kaayyeffatee hojetamaa jira. Imalli Dijitaalaa Itiyoophiyaa milkaa’uu kan danda’u, lammiilee damicha sirriitti hubachuu danda’u, dandeettii fi beekumsa akka gaariitti kan hidhate uumuun yoo danda’ame akka ta’e ibsameera. ENA’n dhimma kana irratti hayyoota Yunivarsiitii Odaa Bultum waliin marii turtii taasiseen, hayyoonni kunneen bu’uuraalee dijitaalaa babal’isuun tajaajila mootummaa iftoomina, saffisaa fi bu’a qabeessa taasisuudhaaf faayidaa guddaa akka qabu ibsaniiru.   Hayyoota yuunivarsiitichaa keessaa obbo Fiqaaduu Warquu akka ibsanitti, Dijitaalli Itiyoophiyaa kenniinsa tajaajilaa ammayyeessuu irra darbee, magaalota ammayyaa jireenyaa uumuun lammiileef jireenya salphisa jedhani.   Hayyuun yunivarsiitichaa kan biraa obbo Darrib Garramaa akka himanitti, tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa bara 2030 bu’uuraalee misoomaa ummataa walitti hidhuun fayyadamummaa lammiilee ni mirkaneessa jedhani.   Hojiileen tarsiimoo dijitaalaa 2025 keessatti galmaa'an galma ga'iinsa tarsiimoo bara 2030’f bu'uura cimaa akka ta'u kan ibsani immoo obbo Ismaa'eel Huseen dha. Imalli Dijitaalaa Itiyoophiyaa tajaajila ammayyaa fi saffisaa hawaasaaf kennuudhaaf haala mijataa kan uumu ta’uu eeruun, itti fufiinsa isaatiif ijaarsi ogummaa fi beekumsa lammiilee cimuu akka qabu dubbataniiru.
Ispoortii
Mahaammad Saalaah Liiverpuuliin  dhuma waggichaatti ni gad-lakkisa
Mar 25, 2026 156
Bitootessa16/2018(ENA)-Taphataan Sarara fuulduraa Liivarpuul Mahaammad Saalaah xumura morkii waggaa kanaatti kilabicha akka gad-lakkisu ifatti beeksiseera. Saalaah Murtoo kana kan beeksise ergaa viidiyoon deeggartootasaaf dabarseeni . “Guyyaan kun gahuusaatti nangadda---xumura morkii waggaa kanaatti Liivarpuul gad-nan lakkisa. Kilabni kun, magaalittiin kunii fi deeggartoonnishee jireenya koo keessatti iddoo guddaa hangam akka qaban ibsuun na rakkisa” jedheera.   Ibsa kilabiin Liivarpuul baaseen Saalaah turtiisaa kilabii waggaa 9 waxabajjii bara 2026(A.L.A)tti akka xumuramu beeksiseera. Taphatichi deeggartoota isaatiif iftoomina uumuuf jecha, murtoosaa beeksisuu akka filate (BBC)n gabaaseera.   Ji’oota darban keessa hariiroon Saalaah fi Leenjisaa Arnee Siloot gidduu ture hammaachaa dhufuusaa fi carraan taphatichi tapharatti hirmaachuuf qabu xiqqaachuunsaa akka sababa murtoo kanaatti eeramu. Kilabichii fi taphataichi walii galteen walirraa adda bahuuf murteessaniiru. Saalaah kilabinsaa itti aanau ifatti beekamuu baatus, Kilaboonni Saawud Arabiyaa (keessattuu AL-Itihaad) taphaticha fudhachuuf fedhii guddaa akka qabanii fi mariirra jiraachuunsaanii bal’inaan gabaafamaa jira.   Saalaah turtiisaan Taphoota 435n Liivarpuuliif taphate keessaa galchii 255 galmeessiseera. Kunis galchii Iyaan Raashii (346) fi Roojeer Haanti (285)tti aanuun sadarkaa 3ffaan tarree galchii baay’ee Liivarpuul keessatti galmaa’ee akka argamu isa taasiseera.
Atileetonni Itiyoophiyaa dorgommii xumuraa kan irratti hirmaatan
Mar 22, 2026 110
Bitootessa 13/2018 (ENA): Shaampiyoonaan Atileetiksii Addunyaa 21ffaan mana keessaa har’a xumurama. Dorgommiin xumuraa meetira 1500 dubartootaa galgala sa'aatii 3:22 irratti ni gaggeeffama. Atileet Birqee Hayyaaloom Itiyoophiyaa bakka buutee ni dorgomti. Atileetiin kun Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa mana keessaa irratti yeroo sadaffaaf dorgomti. Shaampiyoonaa atileetiksii addunyaa mana keessaa 20ffaa bara 2025 Chaayinaa Naanjiingitti gaggeeffameen dorgommii xumuraa meetira 3000’n 5ffaa baateetti. Shaampiyoonaa atileetiksii addunyaa mana keessaa 19ffaa bara 2024 Iskootilaandi Gilasgow keessatti gaggeeffameen dorgommii xumuraa meetira 1500’n sadarkaa 9ffaa baate. Atileet Birqeen sa'aatii dhuunfaa ishee isa gaarii mana keessaa bara 2024 Boston Girandi Pirix irratti daqiiqaa 3 fi sekondii 58 fi maaykiroo sekoondii 43 galmeessiteetti. Dorgommii atileetiksii mana keessaa dhiheenya kana Cheek Rippabiliika Ostiraavaatti gaggeeffame irratti sa’aatii saffisaa bara 2026 daqiiqaa 4 fi sekondii 00 fi maaykiroo sekoondii 62 galmeessiteetti. Birqeen har'a dorgommii xumuraa irratti atileetii kamiyyuu caalaa yeroo gaarii qabdi. Walumaagalatti atileetotni sagal dorgommii xumuraa irratti ni hirmaatu. Dorgommiin xumuraa meetira 800 dubartootaa galgala sa'aatii 3:53 tti gaggeeffama. Dorgommii kana irratti atileet Nigisti Geetaachoon ni hirmaatti. Atileet Nigisti tapha walakkaa xumuraa kaleessa gaggeeffameen 2ffaa bahuun gara xumuraatti darbeera. Atileetiin kun bara kana dorgommii Shaampiyoonaa Addunyaa mana keessaa irratti hirmaachuun ishee yeroo lammataati.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaa galma biyyaalessaa kaa’ame galmaan ga’uuf kan dandeessisu qophiin taasifamaa jira
Mar 25, 2026 121
Bitootessa 16/2018 (ENA): Qindeessaan Koree Teeknikaa Ashaaraa Magariisaa Dr. Addafiris Warquu, galma biyyoolessaa Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara 2018tti kaa’ame galmaan ga’uuf qophiin bu’a qabeessa taasifamaa jiraachuu ibsaniiru. Qindeessaan kun turtii ENA waliin taasisaniin akka himanitti, Sagantaan Ashaaraa Magariisaa bara kanaa bara xumuraa marsaa jalqabaa waan ta’eef qophiin xiyyeeffannoo addaatiin gaggeeffamaa jira jedhan. Sagantaa bara kanaatiin akka biyyaatti biqiltuu biiliyoona 7.5 ol dhaabuuf karoorri qabamee hojiin qophaa’inaa hojjetamaa jira jedhan. Muuxannoo waggoota darban keessatti argaman babal’isuudhaan biqiltuu firii babal’isuuf, gosoota biqiloota mandhalee ta’an baay’isuuf, gosoota biqiltootaa adda addaa dhaabuuf tattaaffiin taasifamaa akka jirus ibsaniiru. Hojiin yeroo Bonaa hojjetame iddoowwan dhaabbii adda baasuu, kunuunsa biyyee fi bishaanii bakka murtaa’etti gaggeessuu, biqiltuuwwan haala qilleensa naannoo waliin walsimu dhaabuu, akkasumas kaartaa bakka murtaa’etti qopheessuu bal’inaan raawwatamuu beeksisaniiru.   Haaluma kanaan, Naannoleetti hanga ammaatti lafti biqiltuu dhaabuuf oolu heektaara miiliyoona 2.5 adda baafame ta’uu eeruun, hanga ammaatti buufatawwan biqiltuutti biqiltuu kuma 110 baay’isuun danda’ameera jedhani. Sagantaan dhaabbii bara kanaa akka biyyaatti biqiltuu biiliyoona 7.5 ol dhaabuuf kan karoorfame yoo ta’u, hanga ammaatti biqiltuun biiliyoona 6.1 qophaa’uu ibsaniiru.   Yeroo hafe keessatti hojiin kunuunsaa akka raawwatamu eeruun, qophii boollaa dabalatee hojiiwwan biroo akka raawwataman ibsaniiru. Gochi kanaan dura rooba Gannaa qofa eeggachuu jijjiiramuu eeruun, kunis biqiltuuwwan yeroo roobaa dheeraa akka argatan kan taasisu yoo ta’u, kunis saffisa biqiluu isaanii haalaan akka dabalu ibsaniiru. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa amma aadaa ummataa ta’aa akka jiru hubachiisuudhaan, hojiin miira abbummaa lammiilee guddisuu fi biqiltuu dhaabame kunuunsuu cimee akka itti fufu mirkaneessaniiru.
Tajaajila odeeffannoo meetirooloojii ammayyeessuun faayidaa inni kennu guddisuuf hojiin dandeessisu hojjechuun cimee itti fufa
Mar 23, 2026 255
Bitootessa 14/2018 (ENA): Tajaajila odeeffannoo meetirooloojii ammayyeessuun faayidaa inni kennu guddisuuf hojiin dandeessisan eegalaman cimanii itti fufu jedhe Inistituutiin Meetirooloojii Itiyoophiyaa. Inistiitiyuutichi guyyaa Meetirooloojii Addunyaa Itiyoophiyaatti yeroo 45ffaaf kabajamu mata duree “Har’a Ilaaluu, Boru Tiksuu” jedhuun kabajaa jira.   Jijjiiramni qilleensaa guddina hawaasummaa fi dinagdee addunyaa irratti dhiibbaa hamaa geessisaa jira jedhan Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutii Meetirooloojii Itiyoophiyaa fi Pirezidaantii Waajjira Ardii Afrikaa Dhaabbata Meetirooloojii Addunyaa Faxxanaa Tashoomaa. Kanaafuu, kenniinsa tajaajila odeeffannoo meetirooloojii cimsuun dhiibbaa inni geessisu salphisuun dhimma ijoo ta’uu qaba jedhaniiru. Misooma saffisaa Itiyoophiyaan galmaan ga’aa jirtu itti fufsiisuuf odeeffannoon meetirooloojii murteessaa ta’uu eeruu, Inistiitiyuutichi tajaajila teeknooloojii ammayyaatiin deeggaramee kennuuf dandeettii ijaaruuf ciminaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Keessattuu bu’uuraalee ijaarsa dandeettii haala michoota hirmaachisuun babal’isuu, teeknooloojiiwwan ammayyaa fayyadamuu, humna namaa guddisuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.   Itti dabaluunis guyyaan Meetirooloojii Addunyaa 45ffaan Itiyoophiyaatti kabajamu hojii kana daran cimsuu fi dhaqqabummaa babal’isuuf carraa kan uumu ta’uu ibsaniiru. Inistiitiyuutichi saayinsii meetirooloojii ammayyaa irratti hundaa’uun har’a odeeffannoo fooyya’aa kennuudhaan guyyaa borii fooyya’aa ijaaruuf hojiiwwan qorannoo fi misoomaa adda addaa gaggeessaa akka jirus ibsaniiru.
Damee Geejjibaa faalama naannoorraa bilisa gochuuf hojiiwwan hojjetamaniin bu’aawwan abdachiisoon galmaa’aniiru.
Mar 23, 2026 261
‎ Bitootessa 14/2018(ENA): Itiyoophiyaatti damee Geejjibaa faalama naannoorraa bilisa kan ta’e gochuuf hojii hojjetameen bu’aan abdachiisaan galmaa’uu Deetaan Ministira Geejjibaa fi Loojisktiksii Bari’oo Hasan ibsan. Itiyoophiyaan bu’uuraalee misoomaa Geejjibaa fi Loojistiksii, geejjiba Magaalaa fi Teekinooloojii Magariisaarratti xiyyeeffannoo taasisuun sirni Geejjibaa itti fufinsa qabu diriirsuuf hojjechaa jirti. Kana deeggaruuf, tajaajila konkolaataa madda Annisaa Haaromfamaatti fayyadamanii babal’isuu fi damicha jajjabeessuun gaasii faalamaa(summaa’aa) konkolaattorraa gadhiifamu hir’isuu ni dandeessisa. Deetaan Ministira Geejjibaa fi loojiktiksii Bari’oo Hasan turtii ENA waliin taasisaniin akka ibsanitti, waggoottan muraasa darban, damichi naannoo akka hin faallee taasisuuf hojiiwwan hedduun hojjetameera jedhaniiru. Qaamolee Konkolaataa Elektiriikii galchanii fi suphaniif (Assemble) godhaniif imaammanni qophaa’ee hojiirra oolaa jiraachuu eeruun, kanaanis qaraxarraa bilisa taasisuu dabalatee deeggarsi adda addaa taasifamaa jiraachuu kaasaniiru. Konkolaattonni boba’aa fayyadaman abbaa gommaa lamaarraa hanga Konkolaataa uummataa fi fe’umsaa gurguddaatti gara biyya keessaatti akka hin seenneef dhorkamuu dubbatniiru. Tarkaanfiin kun kutannoo Itiyoophiyaan Eegumsa Jijjiirama Qilleensaa Addunyaaf qabdu kan mul’isudha jedhaniiru. Karoora Misoomaa tarsiimawaa waggaa 10 keesatti, sadarkaa biyyaalessaatti konkolaattota kuma 500 ol madda Annisaa Haaromfamaa akka fayyadamani gochuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Yeroo ammaa lokkoofsi Konkolaattota Annisaa Haaromfamaa fayyadamanii kuma 115 ga’uusaa dubbataniiru. Waggoottan muraasa darban damee Geejjibaa faalama naannoorraa bilisa kan ta’e gochuuf hojii hojjetameen bu’aawwan jajjabeessoon galmaa’uu hubachiisaniiru. Imaammanni konkolaataa Elektirikaa, sektarichi geejjibni faalama naannoo akka hin uumne gochuu bira darbee, Madda Anniisa Haaromfamaarratti Xiyyeeffannon akka taasifamuufi hirkattummaa boba’aa hir’isuun danda’amuu ibsaniiru. Itiyoophiyaa Keessatti Maddawwan Anniisaa Haaromfamaa Kanneen akka Annisaa qilleensaa, Annisaa Bishaanii(Hydro-electiric),gaasii uumamaa fi kanneen biroon bal’inaan jiraachuunsaanii ce’umsa konkolaattota boba’aarraa gara konkolaattota Elektirikaatti taasifamu amansiisaa taasisuu eeraniiru.
Hojiirra oolmaa rood Maappii Sarkulaarii biyyaalessaaf qindoominni qooda fudhattootaa cimuu qaba
Mar 18, 2026 335
Bitootessa 9/2018 (ENA)- Hojiirra oolmaa rood Maappii Sarkulaarii biyyaalessaaf qindoominni qooda fudhattootaa cimee itti fufuu akka qabu daarektarri olaanaa abbaa taayitaa eegumsa naannoo Injiinar doktar Lalisee Namee ibsan. Abbaan Taayitichaa hojiirra oolmaa Rood Maappichaa bu’a qabeessa gochuuf kan dhaabbilee federaalaa garagaraa waliin waliin hojjechuun akka danda’amu waliigaltee mallatteesseera. Abbaan Taayitichaa hojiilee eegumsa naannoo bu’a qabeessa hedduu hojjechaa akka jiru daarektarri olaanaa abbaa taayitaa eegumsa naannoo Injiinar doktar Lalisee Namee ibsaniiru. Galmoota misooma magariisaa Itiyoophiyaa milkeessuu fi cehumsa gara dinagdee serkulaariitti taasifamu si’achiisuuf kan gargaaru Rood Maappiin biyyaalessaa bara 2017 qophaa’ee hojiitti galamuu yaadachiisaniiru. Rood Maappichi Itiyoophiyaa qulqulluu uumuu keessatti aadaa balfa deebisanii faayidaarra oolchuu kan jajjabeessu ta’uu dubbataniiru. Kanaa olittis hojiilee eegumsa naannoo gabbisuun, invastimantii fooyya’aaf haala uumuunii fi carraalee hojii haaraa banuun dinagdee biyyaa guddisuuf gahee olaanaa bahata jedhaniiru. Hojiileen qindoominaan hojjetamanis hojii hubannoo uumuu, sirna balfi gogaa ittiin qabamuu fi dhabamsiifamu teeknooloojii fi beekumsaan deeggaruu akkasumas hojiilee deeggarsaa fi hordoffii qindoominaan hojjechuun keessatti argama jedhaniiru. Cehumsi gara dinagdee serkulaaraatti taasifamu akka si’atu qooda fudhattoonni hundi kutannoo fi hirmaannaa cimaadhaan qoodasaanii akka bahatan waamicha taasisaniiru.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 17084
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 2448
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan.   Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru.   Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru.   Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.  
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015