Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Gootummaa Injifannoo Adwaarratti mul’ate, Bu’uuraalee misoomaa Baaburaa bu’aa qabeessummaa  keenyaan ijaaruun daballa
Mar 2, 2026 30
Guraandhala 23/2018(ENA): Gootummaa Injifannoo Adwaarratti mul’ate , hojii Bu’uuraalee misoomaa Baaburaa dandeettii keenyaan saffisaa fi bu’aa qabeessummaan xumuruun irra deebi’uun ni argisiisna jechuun hojii raawwachiisaa olaanaan waldaan Aksiyoona Baaburaa Itiyoo- Jibuutii Injiinar Taakkalaa Uumaa ibsan. waldaan Aksiyoona Geejibaa Baaburaa Itiyoo- Jibuutii Injifannoo Adwaa waggaa 130ffaa kabajeera. Ayyaanicha ilaalchisuun daandiin baaburaa dandeettii ofiin ijaaramaa jiruu fi xumuramaa kan jiru, hojiin bu'uuralee misooma baaburaa kiilomeetira sadii (3 km) Paarkii Industrii AMG daandii baaburaa Itiyoophiyaa-Jibuutii waliin walqunnamsiisu daawatameera. Daawwanicharratti Deetaan Ministira Geejjibaa fi loojistiksii Dhengee Boruu, hojii gaggeessaa olaanaa waldaan Aksiyoona Baaburaa Itiyoo- Jibuutii Injiinar Taakkalaa Uumaa fi hoggantoonni hojii mootummaa olaanoon argamaniiru. Injiinar Taakkalaa Uumaa wayita sana akka ibsanitti, wareegama abbootiin keenya kaffalaniin seenaa Injifannoo Adwaa guddicha dabarsanii nutti kennaniiru; nutimmoo dhaloota dhufuuf galaa kan ta’u bu’uuraalee misoomaa daandii baaburaa boonsaa humna ofiin ijaaraa jirra jedhaniiru. Bu’uuraaleen misoomaa baaburaa ijaaramaa jiran boru kana caalaa hojii hojjechuu akka dandeenyu agarsiistuu ta’uu dubbataniiru. Gara fuulduraatti bu’uuraalee misoomaa baabura gurguddaa fi kanneen biroo ijaaruuf karoorri guddaan qabamuu itti dabaluun ibsaniiru.
Dhaloonni Ammaa Itiyoophiyaa Injifannoo Adwaan kabajamtee jiraatte gara olka’insa caalutti ceesisuu qabna -Lij Daani’eel Jootee
Mar 2, 2026 25
Guraandhala 23/2018(ENA): Dhaloonni Haaraan Itiyoophiyaa Injifannoo Adwaan Kabajamtee jiratte gara olka’insa caalutti ceesisuu qabna jechuun Pirezidaantiin Waldaa Gootota Itiyoophiyaa duraanii Lij Daani’eel Jootee ibsani.   Ayyaanni Injifannoo Adwaa waggaa 130ffaa Mata duree “ Seenaa boonsaa irraa gara abdii ifa boruutti” jedhuun yaadannoo Injifannoo Adwaatti kabajameera. Pirezidaantiin Waldaa Gootota Itiyoophiyaa duraanii Lij Daani’eel Jootee, gootonni Itiyoophiyaa waggaa 130’n har’aa haleellaa loltoota Xaaliyaaniin isaan mudate injifachuu isaanii yaadachiisaniiru. Wareegama lubbuu abbootii fi haadholiin daangaan biyyaa kabajamuu dubbataniiru. Injifannoon Adwaa maqaan isaa Addunyaa irratti guddate cichooma uummataa fi miira jaalala biyyaan kan argame ta’uu ibsuun, kanaanis Itiyoophiyaan bilisummaa ishee tiksitee kan turte lafa goototaa ta’uushee mirkaneessiteetti jedhani.   Ammas biyya keenya weeraruuf diinonni aggaaman seenaa Adwaa akka ilaalan kan ibsan Lij Daani’eel, Itiyoophiyaanonni birmadummaa biyya isaanii irratti akka obsa hin qabaanne hubachiisuun, diinonni waa’ee Itiyoophiyaanotaa hin beekne gochasanii irraa akka of qusatan hubachiisaniiru. Dhaloonni ammaa nagaa fi guddina biyyaarratti hirmaannaa ho’aa taasisuun Badhadhina Itiyoophiyaa itti fufsiisuun mirkaneessuu akka qaban ibsaniiru.   Carraan Itiyoophiyaa harka dargaggootaa keessa jira kan jedhan Pirezidaantiin kun , dhaloonni haaraan imaanaa abbootii fi haadholii isaa fudhachuun, Itiyoophiyaa gara sadarkaa ol’aanaatti ceessisuuf itti gaafatamummaa guddaa akka qabu dhaamaniiru.
Manni Maree Ministirootaa murtoo adda addaa dabarse
Mar 2, 2026 39
Guraandhala 23/2018 (ENA): Manni Maree Ministirootaa Walga'ii Idilee 53ffaa har'a gaggeesseen dhimmoota adda addaa irratti mari'achuun murtoo garaagaraa dabarseera.   1. Manni Marichaa wixinee labsii Yuunivarsiitii Hubannoo Namtolchee (AI) hundeessuuf dhiyaaterratti marii'ateera. Yuunivarsiitichi akkaataa labsii lakkoofsa 1294/2015 Yuunivarsiitii ofiin of-bulchu ta'ee kan hunda'uu yoo ta'u, damichaan dargaggoota leenjisuun hayyoota ijaarsa biyyaaf murteessoo ta'an horachuuf hojjeta. Manni Marichaas wixinicharratti bal'inaan erga marii'atee booda galteewwan dabalataa dhiyeessuun guyyaa Gaazexaa Nagaaritirratti maxxanfamee kaasee hojiirra akka oolu sagalee guutuun murteesseera. 2. Akkasuma dambii haala abbootii qabeenyaaf beenyaan itti kaffalamu murteessuuf baherratti mari'ateera. Abbootiin qabeenyaa piroojektoota gurguddaa fi dameewwan diinagdee dursa kennaniif guddina diinagdee biyyaa saffisiisuu danda’an irratti akka bobba’an haala mijataa uumuuf wixinee dhiyaate ta'uu ibsameera. Manni Marichaas wixinicharratti bal'inaan erga mari'atee booda galteewwan dabalataa dhiyeessuun guyyaa Gaazexaa Nagaaritirratti maxxanfamee kaasee hojiirra akka oolu sagalee guutuun murteesseera. 3. Waliigaltee deeggarsa Faayinaansii dhiyaate sadi irrattis mari'ateera. Sanada waliigaltee dhiyaate irratti erga mari'atee booda waliigalteen kunneen imaammata bulchiinsa liqaa Itiyoophiyaan kan walsimu ta'uu isaa mirkaneessuun Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataaf akka darbu sagalee guutuun murteesseera. 4. Manni Marichaa wixinee dambii sirna nagahee kuufama meeshaalee dhiyaate irratti mari'ateera. Labsiin sirna nagahee kuufama meeshaalee lakkoofsi 372/1996 bahee hojiirra jiraatus, raawwii dambichaaf wixineen bahuu dhabuun adeemsa isaa irratti hanqinni jiraachuutu ibsame. Hanqina kana sirreessuuf, raawwii labsichaaf haala mijeessuuf wixineen qophaa'ee Mana Marichaaf dhiyaateera. Manni Marichaas wixinee dhiyaate irratti erga mari'atee booda guyyaa Gaazexaa Nagaarit irratti bahee jalqabee hojiirra akka oolu sagalee guutuun murteesseera. 5. Manni Marichaa wixinee labsii waliigaltee eeyyama oomisha Warqee fi Sibiilaa dhiyaate irratti mari'ateera. Wixineen waliigalteewwan lamaan Mana Marichaaf dhiyaatan galii sharafa alaa dabaluu, carraa hojii lammiileef uumuu, diinagdeef gahee qabaachuu, akkasumas kallattii imaammata mootummaan gama eegumsa naannoo fi fayyadamummaa hawaasaa baase kan hordofu ta'uu isaa erga mirkaneessee gara hojiitti akka galu yaada murtee kenneera. 6. Dhuma irratti Manni marichaa wixinee labsii imaammata turizimii dhiyaate irratti marichuun galtee dabalataa dhiyeessuun guyyaa mana marichaan ragga'ee jalqabee hojiirra akka oolu sagalee guutuun murteesseera.
Injifannoon Adwaa Raayyaa Ittisa Biyyaa keenyaaf yeroo hundumaa galaa Injifannooti
Mar 2, 2026 35
Guraandhala 23/2018(ENA):Injifannoon Adwaa Raayyaa keenyaaf yeroo hundumaa galaa Injifannooti jechuun Ministirri Raayyaa Ittisaa Injiinar Aayishaa Mahaammad ibsan.   Injifannoon Adwaa bilisummaa uummata gurraachaa fi mallattoo kabajaa ilmaan namaa ta’uusaa Ministirri kun dubbataniiru. Ayyaanni Injifannoo Adwaa waggaa 130ffaa Mata duree “ Seenaa boonsaa irraa gara abdii ifa boruutti” jedhuun yaadannoo Injifannoo Adwaatti sirna ho’aan kabajamaa jira.   Ministirri Raayyaa Ittisaa Injiinar Aayishaa Mahaammad ergaa baga ittiin isin gahee dabarsaniin, Adwaan Injifannoo Itiyoophiyaa qofa osoo hin ta’iin fakkeenya birmadummaa uummata gurraachaa hundaa fi dhalli namaa kabajasaaf wareegama kaffale seenaa injifannoon ragaan ba’ame ta’uu dubbataniiru. Injifannoon Adwaa Uummanni tokkoomee humna weerartuu fi meeshaa waraanaa hidhate injifachuun, weerartuun hin mo’amne akka hin jirre olaantummaa haamilee Addunyaa guutuutti kan agarsiise milkaa’ina guddaadha jedhan.   Abbootiin keenya gaara Adwaatti aarsaa kaffalan kabaja Afrikaa deebisuu fi tokkummaa ardii cimsuun humna Ittisaa Ardii har’a irra geenyee fi tumsa waloof madda ta’ee tajaajila jedhaniiru. Ministiroonni Ittisaa biyyoota Afrikaa Ayyaana kana irratti argamuun isaanii, injifannichi kan Itiyoophiyaa qofa osoo hin taane, ayyaana birmadummaa waliinii kan Afrikaanotaa fi Addunyaa guutuu ta'uu isaa qabatamaan kan mirkaneessudha jedhaniiru. Raayyaan ittisa biyyaa Itiyoophiyaa hara’aa imaanaa gootota abbootiisaanii baatanii kan jiran bu’aa seenaa fi gootummaa ta’uu ibsaniiru. Injifannoon Adwaa Raayyaa Ittisa Biyyaa keenyaaf yeroo hundumaa galaa injifannooti jedhani.
Kan mul'ate

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa

Ayyaanni Injifannoo Adwaa waggaa 130ffaa Mata duree “ Seenaa boonsaa irraa gara abdii ifa boruutti” jedhuun kabajamaa jira.
Mar 2, 2026 39
Guraandhala 23/2018(ENA): Ayyaanni Injifannoo Adwaa waggaa 130ffaa Mata duree “ Seenaa boonsaa irraa gara abdii ifa boruutti” jedhuun Yaadannoo Injifannoo Adwaatti sirna ho’aan kabajamaa jira.   Sirna kabajaa kanarratti Pirezidaantii FDRI Taayyee Astqasillaasee , Af- yaa’ii Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa Taaggasaa Caafoo , Af- yaa’ii Mana Maree Federeeshinii Aaganyoo Tashaagarii fi Pirezidaantii Mana Murtii Walii Galaa Federaalaa Tewoodiroos Mihirat argamaniiru.   Akkasumas, Itaamaajor shuumiin waliigalaa humna waraanaa Fiildi Maarshaal Biraanuu Juulaa, Itti Aanaa Itaamaajor shumii waliigalaa Jeneraal Ababaawu Taaddasaa,Ministira Ittisaa Injiinar Aayishaa Mahaammad, Kantiibaa Magaalaa Finfinnee Adaanach Abeebee fi Itti aanaa dura taa’aa Komishinii Gamtaa Afriikaa Ambaasaaddar Saalmaa Maliikaa Hadaadii fi Pirezidaantiin waldaa Gootota duraanii Lij Daani’eel Jootee sirnicharratti argamaniiru.   Dabalatiinis Ministirri Muummee Itiyoophiyaa duraanii Haayilamaariyaam Dassaalanyi, Pirezidaantii FDRI duraanii Saahilewarqi Zawudee , Pirezidaantii FDRI duraanii Doktar Mulaatuu Tashoomaa , hoggantoota mootummaa olaanoo, Gootota abbootii qabsooftota Itiyoophiyaa duraanii, Qondaltota waraanaa olaanoo raayyaa ittisa biyyaa, Ambaasaaddaroonni biyyoota adda addaa ,Attaasheewwan waraanaa fi keessummoonni Affeeraman irratti argamaniiru.
Injifannoon Adwaa Itiyoophiyaa qofaaf osoo hin taane,Uummata Afriikaa guutuuf  Injifannoo Ifni Abdii  itti mul’atedha   
Mar 1, 2026 153
Guraandhala 22/2018(ENA):-Injifannoon Adwaa Itoophiyaan humna koloneeffataa injifachuun bilisummuu Afriikaatiif abdii bilisummaa kan itti labsite taatee mudannoo seenaa ta’uusaa Daayirektarri Olaanaa Wiirtuu Nagaa Yuuneeskoo (UNESCO) Gaayi Jookan ibsan. Injifannoon Adwaa Itiyoophiyaanonni tokkummaan dhabbatanii birmadummaa biyyasaanii kan kabachiisanii fi bilisummaa uummata gurraacha hundaaf madda qabsoo (fakkeenya qabsoo) ta’an injifannoo guddaadha. Guraandhala 23 bara 1888 Itiyoophiyaanonni kaayyoo waloo tokkoof hiriiruun Loltoota Xaaliyaanii biyyattii weeraruuf dhufan mo’achuun, injifannoo boonsaa hin dagatamne yeroo itti raawwatanidha. Injifannoon seena-qabeessi kun waggaa waggaan haala ho’aan kan kabajamu yoo ta’u, bara kana Ayyaanni Injifannoo Adwaa waggaa 130ffaan mata duree “Seenaa boonsaa gara abdii ifaatti” jedhuun ni kabajama. Daayirektarri Olaanaa Wiirtuu Nagaa Yuuneeskoo (UNESCO) Gaayi Jookan ENA’f akka ibsanitti; Itoophiyaan humna ishee koloneeffachuuf dhufe mo’achuun biyya addaa waan taateef, uummatni Afriikaa hundinuu beekuu fi itti boonuu kan qabu seenaa gootummaa galmeessiteetti. Teessooon Gamtaa Afriikaa Finfinnee ta’uunsaa tasa osoo hin taane bu’aa Ashaaraa seenaa guddaa Itiyoophiyaan qabduun ta’uu Daarektarri kun hubachiisaniiru. Itiyoophiyaan Injifannoo Adwaatiin olitti hundeeffama Gamtaa Afriikaa keessatti hirmaannaa ho’aa taasisteen yaada Paan- Afriikaanizimiif gabbisuuf biyya bu’uura guddaa keesse ta’uushee eeraniiru. Afriikaan xiyyeeffannoo biyyoota guddatanii harkisaa dhufuushee kaasuun, Ardiin kun humna namaa fi qabeenya uumamaa bal’aa qabdu sirnaan fayyadamuun waltajjii Idil-Addunyaatti bakka isheef malu yeroon itti argattu amma akka ta’e ibsaniiru. Itiyoophiyaan damee Misoomaan Afriikaaf fakkeenya ta’uun damee Diinagdeen Adwaa lammataa dabaluuf tattaaffiin taasistu Ardichaaf abdii guddaa ta’uu eeraniiru.

Hawaasummaa
Dhaloonni Ammaa Itiyoophiyaa Injifannoo Adwaan kabajamtee jiraatte gara olka’insa caalutti ceesisuu qabna -Lij Daani’eel Jootee
Mar 2, 2026 25
Guraandhala 23/2018(ENA): Dhaloonni Haaraan Itiyoophiyaa Injifannoo Adwaan Kabajamtee jiratte gara olka’insa caalutti ceesisuu qabna jechuun Pirezidaantiin Waldaa Gootota Itiyoophiyaa duraanii Lij Daani’eel Jootee ibsani.   Ayyaanni Injifannoo Adwaa waggaa 130ffaa Mata duree “ Seenaa boonsaa irraa gara abdii ifa boruutti” jedhuun yaadannoo Injifannoo Adwaatti kabajameera. Pirezidaantiin Waldaa Gootota Itiyoophiyaa duraanii Lij Daani’eel Jootee, gootonni Itiyoophiyaa waggaa 130’n har’aa haleellaa loltoota Xaaliyaaniin isaan mudate injifachuu isaanii yaadachiisaniiru. Wareegama lubbuu abbootii fi haadholiin daangaan biyyaa kabajamuu dubbataniiru. Injifannoon Adwaa maqaan isaa Addunyaa irratti guddate cichooma uummataa fi miira jaalala biyyaan kan argame ta’uu ibsuun, kanaanis Itiyoophiyaan bilisummaa ishee tiksitee kan turte lafa goototaa ta’uushee mirkaneessiteetti jedhani.   Ammas biyya keenya weeraruuf diinonni aggaaman seenaa Adwaa akka ilaalan kan ibsan Lij Daani’eel, Itiyoophiyaanonni birmadummaa biyya isaanii irratti akka obsa hin qabaanne hubachiisuun, diinonni waa’ee Itiyoophiyaanotaa hin beekne gochasanii irraa akka of qusatan hubachiisaniiru. Dhaloonni ammaa nagaa fi guddina biyyaarratti hirmaannaa ho’aa taasisuun Badhadhina Itiyoophiyaa itti fufsiisuun mirkaneessuu akka qaban ibsaniiru.   Carraan Itiyoophiyaa harka dargaggootaa keessa jira kan jedhan Pirezidaantiin kun , dhaloonni haaraan imaanaa abbootii fi haadholii isaa fudhachuun, Itiyoophiyaa gara sadarkaa ol’aanaatti ceessisuuf itti gaafatamummaa guddaa akka qabu dhaamaniiru.
Dhaloonni miira injifannoo Adwaa gonfachuun nageenyaa fi misooma biyyaa mirkaneessuu qaba
Mar 2, 2026 30
Guraandhala 23/2018 (ENA): Dhaloonni ammaa miira injifannoo Adwaa gonfachuun nageenyaa fi misooma biyyattii mirkaneessuu akka qabu dhaaman, loltoonni duraanii fi miseensonni iskaawutii Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa daawwatan.   Tajaajilli Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa waggaa 130ffaa injifannoo Adwaa ergaa baga ittiin isin gahee dabarseera. Miseensonni Waldaa Gootota Itiyoophiyaa duraanii fi Waldaan Iskaawutii Finfinnee agarsiisa dijitaalaawaa dhaabbata Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa daawwachuu isaanii odeeffannoo dhaabbatichi ENA’f erge ni mul’isa. Miseensonni Waldaa Gootota Duraanii Itiyoophiyaa fi Waldaan Iskaawutii Finfinnee, nageenyi, tasgabbii fi misoomni biyyattii dhaloonni walharkaa fuudhuun akka milkaa’u eeruun, Dhaloonni ammaa miira injifannoo Adwaa gonfachuun misooma biyyoolessaa haaraa galmeessuu akka qabu ibsaniiru.   Injifannoo Adwaa keessatti ogummaan basaasummaa gahee olaanaa akka taphate yaadachiisuun, akkasumas hojiin jijjiiramaa Dhaabbata Odeeffannoo fi Nageenyaa hojjatamaa ture Itiyoophiyaan diina kamirraayyuu ofirraa ittisuuf dandeettii akka qabdu ofitti amanamummaan akka itti dhagahamu taasiseera jedhani. Barattoonni miseensa Waldaa Iskaawutii Finfinnee ta’anis Gootota kabaja Itiyoophiyaaf wareegama kaffalanii fi biyya walabaa dabarsanii nuuf kennaniif galata guddaa qaban ibsuun, akkasumas imaanaa isaanitti kenname galmaan ga’uuf qophii ta’uu isaanii dubbataniiru. Miseensonni iskaawutii fi Gootonni, Adwaan Itiyoophiyaan akka biyyaatti akka hundeeffamtu gumaacha taasisuun yeroo hunda kan yaadatamu ta’uu hubachiisaniiru. Lammiileen kutaalee Itiyoophiyaa hundarraa, garaagarummaa sanyii fi amantaa tokko malee, waliin dhaabbachuun injifannoo kanaaf gumaacha gochuun isaaniif barnoota olaanoo irraa baratamuu akka danda’u ta’uus miseensonnii iskaawutii fi Gootonni kunniin dubbataniiru jechuun tajaajilichi eereera.
Faana gootota Adwaa  hordofuun  faayidaa biyyaa  eegsisuu qabna
Mar 1, 2026 103
Guraandhala 22/2018(ENA):- Injifannoo Gootota Adwaa hordofuun faayidaa biyyaa eegsisuu fi guddinashee itti fufsiisuu qabna jechuun Dargaggoonni Magaalaa Finfinnee ibsan. Dargaggoo Yusuuf Abarraa ENA’f akka ibsetti, akaakileen keenya lola Adwaarratti wareegama kaffalanii biyya birmadummaanshee mirkanaa’e nuutti dabarsaniiiru kennaniiru.   Kanaaf dargaggoonni injifanicharraa barnoota hedduu fudhachuun misooma biyyaa kessatti Ashaaraasaanii kaa’uun dafqa keenyaan kabaja biyya keenyaa jabeessuun nurraa eegama jechuun ibsaniiru. Dargaggoo Maarqoos Asheetuu gamasaan dhaloonni amma jirru milkaa’ina yaannu gonfachuuf cichooma kaayyoo Injifannoo Adwaaarraa barachuu qabna jedheera. Biyyattiin Imala gara badhaadhinaatti taasistu firii-qabeessa akka ta’uuf dargaggoonni hojii uumtota, humna misoomaa ijoo fi carraawwan gara qabatamaatti kan jijiiran ta’uu akka qaban hubachiisaniiru. Abbootiin keenya waggaa 130n dura haala mijataan kan hin turre keessa darbanii biyyaa daangaanshee eegame nutti kennaniiru, nuyimmoo damee ogummaa irrratti bobbaaneen hojii fooya’aa hojjechuun nurraa eegama jechuun dargaggoo Ahimad Alii ibseera.   Itti Gaafatamaan Federeeshinii Dargaggoota Itiyoophiyaa Muhiddin Naasir gamasaaniin , Itiyoophiyaanoni Adwaa garaagarummaan Sanyii , Amantii fi Saalaa otoo isaan hin daangessiin Itiyoophiyaanota kaayyoo tokkoof kan hiriirse seenaa injifannoo guddaa ta’uu ibsaniiru.   Dargaggoonni Bara kana Badhaadhina hunda galeessa biyyaaf tokkummaan dhaabbachuun, nagaa fi misooma Itoophiyaatiif waloon dhaabbachuun dirqama biyyuummaa keenya bahachuu qabna jechuun waamicha dhiyeessaniiru.
Diinagdee
Gootummaa Injifannoo Adwaarratti mul’ate, Bu’uuraalee misoomaa Baaburaa bu’aa qabeessummaa  keenyaan ijaaruun daballa
Mar 2, 2026 30
Guraandhala 23/2018(ENA): Gootummaa Injifannoo Adwaarratti mul’ate , hojii Bu’uuraalee misoomaa Baaburaa dandeettii keenyaan saffisaa fi bu’aa qabeessummaan xumuruun irra deebi’uun ni argisiisna jechuun hojii raawwachiisaa olaanaan waldaan Aksiyoona Baaburaa Itiyoo- Jibuutii Injiinar Taakkalaa Uumaa ibsan. waldaan Aksiyoona Geejibaa Baaburaa Itiyoo- Jibuutii Injifannoo Adwaa waggaa 130ffaa kabajeera. Ayyaanicha ilaalchisuun daandiin baaburaa dandeettii ofiin ijaaramaa jiruu fi xumuramaa kan jiru, hojiin bu'uuralee misooma baaburaa kiilomeetira sadii (3 km) Paarkii Industrii AMG daandii baaburaa Itiyoophiyaa-Jibuutii waliin walqunnamsiisu daawatameera. Daawwanicharratti Deetaan Ministira Geejjibaa fi loojistiksii Dhengee Boruu, hojii gaggeessaa olaanaa waldaan Aksiyoona Baaburaa Itiyoo- Jibuutii Injiinar Taakkalaa Uumaa fi hoggantoonni hojii mootummaa olaanoon argamaniiru. Injiinar Taakkalaa Uumaa wayita sana akka ibsanitti, wareegama abbootiin keenya kaffalaniin seenaa Injifannoo Adwaa guddicha dabarsanii nutti kennaniiru; nutimmoo dhaloota dhufuuf galaa kan ta’u bu’uuraalee misoomaa daandii baaburaa boonsaa humna ofiin ijaaraa jirra jedhaniiru. Bu’uuraaleen misoomaa baaburaa ijaaramaa jiran boru kana caalaa hojii hojjechuu akka dandeenyu agarsiistuu ta’uu dubbataniiru. Gara fuulduraatti bu’uuraalee misoomaa baabura gurguddaa fi kanneen biroo ijaaruuf karoorri guddaan qabamuu itti dabaluun ibsaniiru.
Gootummaa Misoomaan Injifannoowwan Adwaa bara kanaa galmeessaa jirra - Kantiibaa Adaanech Abeebee
Mar 2, 2026 45
Guraandhala 23/2018 (ENA): Injifannoowwan Adwaan bara haaraa badhaadhina Itiyoophiyaa mirkaneessu misoomaa fi jaalala biyyaatiin galmeessaa jirra jedhan kantiibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee. Ayyaanni injifannoo Adwaa waggaa 130ffaan yaadannoo injifannoo Adwaatti taateewwan adda addaatiinii fi agarsiisa garagraan kabajamaa jira.   Ergaa Kantiibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen dabarsaniin, injifannoon Adwaa ummatoota gurraachotaa fi Afrikaanota addunyaatiif duungoo fi bilisummaa guddaa ta’uu ibsani. Ayyaanni kun mata duree "Seenaa Boonsaa irraa, gara ifa abdii boruutti " jedhuun kabajamaa kan jiru yoo ta’u, seenaa boonsaa gootonni jalqabaa galmeessan misoomaa fi jaalala biyyaatiin irra deebi'uun waadaa galuu akka qabamu ibsaniiru. Itiyoophiyaanonni garaagarummaa keessoo isaanii osoo hin ilaaliin dhimma biyyaalessaa irratti waliin dhaabbachuu akka qaban injifannoon Adwaa mirkaneessee jira jedhaniiru. Gootummaa gootonni duraanii gaara Adwaatti dhiiga isaanii dhangalaasanii, lafee isaanii aarsaa godhanii Itiyoophiyaa hin jilbeeffanne dhalootaaf dabarsanii kennuun akka danda’amu taasiseera jedhan. Dhaloonni yeroo amaa dantaa biyyaalessaa Itiyoophiyaaf dhaabbachuun seenaa injifannoo mataa ofii akka gootota Adwaatti barreessuu akka qabu dubbataniiru. Kana gochuudhaanis duubatti hafummaa, hiyyummaa fi qoqqoodinsa misoomaa fi jaalala biyyaatiin dhabamsiisuun biyya fooyya’aa dhaloota dhufuuf dabarsuun badhaadhina Itiyoophiyaa mirkaneessuun itti gaafatamummaa seenaa ta’uu ibsaniiru. Piroojektoonni gurguddaan kanneen akka Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa, milkaa’ina qonna Qamadii, Ashaaraa magariisaa irraa kaasee hanga hojii jijjiiramaa magaalaa guddoo keenya Finfinnee akkuma jirtutti bareedduu taasisuutti hunduu injifannoo keenya Adwaa bara haaraa keessatti argannee fi dhaloota dhufuuf hambaa ta’uu ibsaniiru.   Adwaan mana barumsaa jaalala biyyaa guddaa ta’uu kan himan kantiibaan kun, Itiyoophiyaa gara badhaadhina waaraatti walitti fiduuf imalli nuti fudhachaa jirru firii jijjiirama mul’ataa fi qabatamaa ta’een kan walqabate ta’uu ibsaniiru. Bara keenyatti kaanee seenaa dachaa gurguddaa akka galmeessinu jechuun aadde Adaanech Abeebeen waamicha dhiheessaniiru.
Itiyoophiyaan dhimma Ulaa Galaanaarratti haqa qabdu Addunyaa hubachiisuun  itti gaafatamuummaa keeenya ni baana
Mar 1, 2026 114
Guraandhala22/2018(ENA):- Gaaffiin abbummaa Ulagaa Galaanaa hanga deebii argatutti haqa Itiyoophiyaa Addunyaa hubachiisuun Itti gaafatamummaasaanii akka bahan Hayyoonni Yuunvarsiitii Walaayittaa Sooddoo dubbatan. Ulaan galaanaa dhimma nageenyaa fi Birmadummaa biyyoolessaa Itiyoophiyaa ta’uun olitti imala olka’insa biyyattii dhugoomsuuf gaaffii dhimma jiraachuu, yeroo murteessaatti ka’e ta’uu Hayyoonni kun ibsaniiru. Yunvarsiitichatti Barsiisaa fi qorataan kutaa barnootaa Seenaa fi bulchiinsa Hambaa gargaaraa Pirofeesaraa Asheetuu Tasfaayee turtii ENA waliin taasisaniin akka ibsanitti, Itiyoophiyaan seenaa wagggoota dheeraaf Ulaa galaanaa waliin walitti hidhame kan qabaachaa turtee fi abbaa dhaloota qoroomina durii ta’uushee ibsaniiru. UlaaN Galaanaa bakka itti daldala alaashee gaggeessitu waan ta’eef ,Itiyoophiyaa qaama bishaaniirraa gargara baasanii ilaaluun akka hin danda’amne ibsuun, dogoggora seenaa keessatti Uumameen Ulaa Galaanaarraa waggootaaf akka adda baatuu fi dhiibbaan akka irratti uumamu godheera. Yeroo ammaa gaaffiin Abbummaa Ulaa Galaanaa akka haaraatti ka’aa jiru sirrii fi bu’uura seeraa kan qabu ta’uusaarra darbee dhimma birmadummaa fi faayidaa biyyoolessaa kabachiisuu waan ta’eef , hanga deebii sirrii argatutti haqa Itiyoophiyaa Addunyaa hubachiisuun dirqama ogummaasaanii akka bahatan mirkaneessaniiru. Gaaffi abbummaa Ulaa Galaanaa Itiyoophiyaa deebisuun biyyoota ollaa fi Riijiniiif faayidaansaa guddaa ta’uu garagaaraan Piroofeesaraa Asheetuun hubachiisaniiru. Biyyoota Rijinichaatti tumsa diinagdee cimsuun, fayyadamummaa fi guddina waloorratti qooda murteessaa akka taphatu ibsaniiru. Yuunvarsiitii Walaayittaa Sooddootti Barsiisaa fi qorataan barnoota Nagaa fi Tasgabbiitti kutaa Barnoota lammumaa fi Naamusaa barsiisaa Wandimmuu Adee gama isaaniin, hanga dhimmi Ulaa Galaanaa deebii sirrii argatutti, dhugaa biyyattiin qabdu beeksisuun dirqama koo nan ba'a jedhaniiru. Mitsiwwaanis ta’ee Asab qabeenya Itiyoophiyaa akka turan seenaan hin haalu; kan jedhan Barsiisaa fi qorataan kun, haalli itti Itiyoophiyaan Ulaa Galaanaa dhabde kun Itiyoophiyaa waggaa 30 oliif gattii guddaa ishee kaffalchiisa jira jedhaniiru. Gaaffiin Ulaa Galaanaa Itiyoophiyaan waan isheef malu argachuu fi fedhii guddinaaf qabdurraa kan ka’ee ta’uu akkasumas, yeroo sirriitti ka’uusa fi dhimma jiraachuu ta’uu ibsaniiru. Faayidaa fi birmadummaa biyyaarratti, Itiyoophiyaanonni fi dhalattoonni Itiyoophiyaa tokkummaasaanii cimsuun,dhugaa Itiyophiyaan qabdu Addunyaatti beeksisuun gaheesaanii akka bahanis dhaamaniiru.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Waraqaan eenyummaa Faayidaa tajaajiloota adda addaa waliin wal-qabsiisuun erga eegalamee asitti namootni galmaa’an dabalaa jira
Feb 26, 2026 124
Guraandhala 19/2018(ENA) - Waraqaan eenyummaa dijitaalaa Faayidaa tajaajiloota adda addaa waliin wal-qabsiisuun erga eegalamee asitti, lakkoofsi namoota galmaa’anii dabalaa dhufuu Waajjira Ministira Muummeetti, Qindeessaan Sagantaa Galmee Waraqaa Eenyummaa Dajanee Gabree beeksisan. Sagantaan waraqaa eenyummaa biyyaalessaa bara 2014 waajjira Ministira Muummeetti kan eegale yoo ta’u, yeroo dhihoo asitti tajaajiloota adda addaa waliin wal-qabsiisuun bu’uuraalee misoomaa Dijitaalaa saffisiisuuf hojjetamaa jira. Qindeessaan Sagantaa galmee waraqaa eenyummaa biyyaalessaa Dajanee Gabree ENA’f akka ibsanitti, galmeen Waraqaa eenyummaa Dijitaalaa Faayidaa hirmaachisaa akka ta’uuf dhaabbilee tajaajila kennan adda addaa waliin qindoominaan akka hojjetu ta’eera. Kanaan walqabatee baay’inni namoota waraqaa eenyummaa Dijiitaalaa Faayidaa fudhatanii dabalaa jiraachuu ibsanii, sagantaan galmee erga jalqabee as lammiileen miiliyoona 36 galmaa’uun Abbaa waraqaa eenyumma ta’uusaanii ibsaniiru. Waraqaan Eenyummaa dijiitaalaa faayidaa kenninsa tajaajilaa kan saffisiisuu fi ijaarsa dinagdee biyyaaf gahee guddaa gumaachaa jiraachuu eeranii keesumaa tarsiimoo Dijiitala Itiyoophiyaa 2030 galmaan gahuu keessatti, faayidaa guddaa akka qabu ibsaniiru. Fakkeenyaaf, ‘Faayidaa’ qabiyyee abbummaa lafa qonnaan bulaa waliin wal-qabsiisuun lammiileen hedduun akka galmaa’an gochuurra darbee, qonnaan bulaan qabiyyeesaa wabii godhachuun tajaajila faayinaansii akka argatuuf Ooyruusaa sirnaan bulchuuf akka gargaaru dubbataniiru. Naannoo Benishaangul Gumuzitti hanga ammaatti lammiileen kuma 250 ol kan galmaa’an yoo ta’u, haala raawwiisaa fooyyessuuf hubannaa hawaasaa guddisuun akka barbaachisu qindeessaan kun beeksisaniiru. Naannichati harka dhibba galmaan ga’uuf, dhaabbilee tajaajila kennan adda addaa waliin wal qabsiisuun karooricha milkeessuu akka qaban hubachiisaniiru. Biiroon Lafaa fi Gurmii Waldaa Hojii Gamtaa naannoo Benishaangul gumuz Ministeera qonnaa waliin ta’uun mata duree “ waraqaa eenyummaa biyyaalessaa abbaa qabiyyee lafa baadiyaaf’’ jedhuun waltajjiin marii gaggeeffamuun ni yaadatama.
Barnoota Hubannoo Namtolchee Manneen barnootaa Sadarkaa 1ffaa irraa eegalee kennuuf qophiin taasifamaa jira
Feb 26, 2026 93
Guraandhala 19/2018 (ENA): Barnoota Hubannoo Namtolchee(AI) Manneen barnootaa Sadarkaa 1ffaa irraa eegalee kennuuf qophiin taasifamaa jira Ministeerri Barnootaa beeksiseera. Ministeera Barnootaatti Qindeessaa ii larniingi( E-Learning) fi Inishiyeetiivii Koodaroota Itiyoophiyaa Miiliyoona 5 kan ta’an Mulunaa Axinaafuu ENAtti akka himanitti, tattaaffii haaromsaa biyyattii keessatti hojiirra oolaa jiruu fi bu’a qabeessummaa hojiirra oolmaa Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 haala mijeessuuf misoomni humna namaa murteessaa ta’uu ibsaniiru. Kanaafis dandeettii fi beekumsi dijitaalaa guddachuu akka qabu ibsuun, ministeerichi ajandaa haaromsa biyyaalessaa fi ergama isaa irratti hundaa’uun imala eegaluu isaa ibsaniiru. Sagantaa guddina beekumsaa fi dandeettii dijitaalaa barsiisotaa fi barattoota akkasumas hawaasaaf hojiirra oolchuuf tattaaffiin taasifamaa akka jirus ibsaniiru. Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa bara 2030 keessatti dhimmoota xiyyeeffannoon kennaman keessaa tokko bulchiinsa humna namaa ta’uu ibsuun, barbaachisummaan damichaa dinagdee biyyattiif qabu mirkaneessuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Hubannoo namtolchee fi barnoota hubannoo dijitaalaa guddisu kan danda’u kutaa tokkoo hanga kudha lamaatti kaarikulamii barnootaa keessatti hammachiisuun barnoota kennuuf hojjetamaa akka jiru eeraniiru. Dhaabbilee barnoota olaanoo keessatti dandeettii fi beekumsa dijitaalaa barsiisotaa fi barattootaa guddisuuf kan dandeessisan hojiin hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru. Itti dabaluunis lammiileen Itiyoophiyaa miiliyoona 5 ta’an kanaaf leenjii koodarsii akka fudhatan deeggarsi taasifamaa jira jedhan. Ministeerri Barnootaa dargaggoota addunyaa dijitaalaa keessatti gahumsaa fi dorgomaa ta’an oomishuuf bu’uura beekumsaa fi dandeettii dijitaalaa irratti xiyyeeffachuu isaa ibsaniiru.
Golambaan Saayinsii guddina qorannoo saayinsii fi teeknooloojii Itiyoophiyaa keessatti gahee olaanaa taphachaa jira
Feb 23, 2026 159
Guraandhala 16/2018 (ENA): Golambaa Saayinsii guddina qorannoo saayinsii fi teeknooloojii Itiyoophiyaa keessatti gahee olaanaa taphachaa jira jedhan hojigaggeessaan olaanaa waliigalaa waldaa Saayinsii Hawaa Itiyoophiyaa Kiruubel Manbaruu. Miseensonni Waldaa Saayinsii Hawaa Itiyoophiyaa fi kutaaleen hawaasaa adda addaa Golambaa Saayinsii fi golambaa saayinsii keessatti kan argamu giddugala qorannoo hawaa (Pilaaneetariyeemii)daawwataniiru. Giddugala Qorannoo Hawaa keessatti urjiilee daawwachuu, dhiheessi saayinsii hawaa fi fiilmii dokumantarii hawaa dawataniiru.   Golamboonni saayinsii guddina waliigalaa hawaasa tokkoo irratti guddina murteessaa fidu jedhan obbo Kiruubel Manbaruun. Golambaan saayinsii kun hawaasni hubannoo fi beekumsa saayinsii irratti qabu akka dabaluu fi walitti dhufeenya damee kanaaf qabu akka cimsu kan gargaaru ta’uu ibsaniiru. Golambaan Saayinsii Finfinneetti ijaarame agarsiisa saayinsii salphaatti hubatamu taasisuun guddina dirree kanaaf gumaacha guddaa taasisaa jira. Keessattuu golambichi daa’immanii fi dargaggoota saayinsiitti dhiheessuu qofa osoo hin taane, beekumsa barnootaan horatan qabatamaan akka arganii fi hubachuuf carraa guddaa kan uumu ta’uu ibsaniiru. Akkasumas waldichi hojiiwwan adda addaa ijaarsa dandeettii, misooma bu’uuraalee misoomaa, akkasumas daa’immanii fi dargaggoonni beekumsa damee kanarratti qaban akka guddifatan gargaaruuf hojjechaa akka jirus ibsaniiru.   Waldichi nama hundaaf banaa ta’uu ibsuun, daa’immanii fi dargaggoonni fedhii qaban miseensa ta’uun akka itti makaman waamicha dhiyeessaniiru. Waldaa Saayinsii Hawaa Itiyoophiyaatti Qindeessaan Dhimma Alaa Kibrat Atsibihaa akka ibsanitti, kaayyoon daawwannaa kanaa hojiiwwan saayinsii hawaa keessatti hojjetamaa jiran irratti hubannoo uumuuf akka ta’e dha jedhani.   Golambaan Saayinsii daa’immanii fi dargaggoonni dirree kana keessatti akka makaman karaa saaquu qofa osoo hin taane, qorattoonni hojii isaanii ummataaf dhaqqabamaa taasisuuf faayidaa guddaa qaba jedhaniiru.   Barattoonni Fitii Girmaa fi Tsiyoon Biraanuu daawwannaan kun waa’ee hawaa beekumsaa fi hubannoo akka kenneefii dubbataniiru. Golambaan Saayinsii kan duraa irraa adda ta’uu fi xiyyeeffannoo addaa amma dirree kanaaf kenname kan agarsiisu ta’uus ibsaniiru.
Guddattoonni hubannoo namtolchee kalaqaa fi dandeettiif akka itti fayyadamaniif haala mijataa uumuu qabna
Feb 21, 2026 190
Guraandhala 14/ 2018(ENA)- Guddattonni Teekinooloojii dijiitaalaa fi hubannoo nam-tolchee(AI)kalaqaa fi ijaarsa dandeettiif akka fayyadamaniif haala mijataa uumuun akka barbaachisu ibsameera. Waltajjiin marii Guddattootaaf haala itti fayyadama intarneetii fi hubannoo nam-tolchee dhaqqabamaa taasisuurratti Kaayyeffate Magaalaa Adaamaatti gaggeeffameera. Guddattoonni Itiyoophiyaa yeroo waliin akka deemanii fi bu’aawwan kalaqaa haarawaa akka gumaachaniif deeggarsa barbaachisaa akka taasisan Waltajjicharratti ibsameera. Haasaa baninsa waltajjicharratti kan taasisan Hoggantuun Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii Aadde Mabiraat Baacaa, dhaloota booda biyya fudhatan kalaqaa fi dandeettii sirnaan qabsiisuun barbaachisa jedhaniiru. Kanaaf guddattoonni bilbilaa fi kompiitara yeroo fayyadaman taphaaf qofa osoo hin ta’iin, Hubannaa nam tolcheef (AI) fi kalaqawwan dijiitaalaaf akka oolchaniif gochuuf itti gaafatamummaa qabna jedhaniiru. Kanaafis haala mijataa uumuun hundarraa akka eegamu xiyyeeffannoo kennaniiru.   Kanaafis Maatiin, Manneen Barnootaa fi giddu galawwan dargaggootaa itti gaafatamummaa guddaa kan qaban ta’uu eeruun, egeree ifa Itiyoophiyaaf daa’immanii fi guddattootarratti har’a hojjenna jechuun dubbataniiru. Guddattoonnii fi daa’imman itti fayyadama teekinooloojii dabalatee Sagantaa guddina daa’immummaa irratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jirachuu kaasuun, kunis cimee akka itti fufu beeksisaniiru. Jijjiirama biyyaalessaa hordofuun hojiirra oolmaa Dijiitaalaa, barnoota hubannaa nam- tolchee fi giddu gala kalaqaa babal’isuun damichaan dhaloota baratee fi beekumsa gahaa qabu horachuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuun ibsameera.  
Ispoortii
Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaatti   calallii taphoota  mo’atanii darbuu  
Feb 24, 2026 196
Guraandhala 17/2018(ENA): Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaatti calalliin tapha mo’atanii darbuu har’a taphoonni deebii Afur gaggeeffamu. Maanchistar Yuunaayitid Evartaniin mo’achuun sadarkaasaa gara 4tti ol guddiseera. Galgala sa’aatii 5:00tti Intarmiilaan Boodoo Giliimit waliin Istaadiyeemii Saansirootti taphatu. Kilaboonni lamaan tapha marsaa jalqabaa gaggeessaniin Boodoo Giliimitiin 3 fi 1n injifachuunsaa ni yaadatama. Intarmiilaan gara mo’atanii darbuutti ce’uuf garaagarummaa galchii lamaa oliin injifachuun irraa eegama. Morkataansaa Boodoo Giliimiti injifachuu, qixaan adda bahuu fi garaagarummaa galchii 1’n mo’amuun gara 16tti makamuuf isa dandeessisa. Sagantaa biroon Niwuukaastil Yuunaayitid Kaarabag waliin galgala sa’aatii 5:00tti Istaadiyeemii Seenti Jeemsi Paarkitti ni taphatu. Tapha jalqabaan Niwukastil Yuunaatitid 6 fi 1’n kan mo’ate carraan darbuusaa bal’aadha. Faallaasaan morkataansaa Kaarabag tilmaama jiruun carraan gara mo’atanii darbuutti ce’uu dhiphaadha. Baayer Leeverkusen, Oloompiyaas waliin galgala sa’aatii 5:00tti Istaadiyeemii Bayii Areenaatti taphatu. Baayer Leeverkusen Jarman tapha marsaa jalqabaatiin dirreessaan alatti 2 fi 0’n mo’achuunsaa ni yaadatama. Bu’aa kana hordofuun carraan tapha itti aanuuf qabu bal’ateera. Oloompiyaakos Giriik gara mo’atanii darbuutti ce’uuf garaagarummaa galchii 2 oliin mo’uu qaba. Galgala sa’aatii 2:45’n Atileetikoo Maadiriid Kilab Biruuzyi waliin Istaadiyeemii Wandaa Meetiropoliitanootti taphatu. Kilaboonni lamaan tapha jalqabaa torban darbe gaggeessaniin sadii qixaan adda bahaniiru. Gareen tapha har’aa mo’atu mo’atanii darbuutti ce’a.  
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Labsiin Bulchiinsaa fi Gatinsa Balfa Jajjaboo haaraan 1383/2017 “gosoota pilaastikaa hunda” guutummaatti dhorkaa?
Feb 28, 2026 122
Abbaan Taayitaa Eegumsa Naannoo Itiyoophiyaa Labsii Bulchiinsa fi Gatinsa Balfa Jajjaboo haaraa 1383/2017 kan faalama pilaastikaa hir’isuu fi nageenya naannoo mirkaneessuuf kaayyeffate hojiirra oolchuun isaa ni beekama. Haa ta'u maleeerga labsiin kun bahee hordofuun filannoowwan miidiyaa hawaasaa irratti odeeffannoon dogoggoraa bal'inaan tamsa'aa jira. Kanaaf odeeffannoon dogoggorsiisaan ijoon miidiyaa hawaasaa irratti bal’inaan tamsa’aa jiru adda baafamee jira; akkasumas odeeffannoon labsii, ibsa hoggantootaa fi ibsa qaama dhimmi ilaallatu wajjin wal bira qabuun mirkanaa’eera. Odeeffannoo dogoggoraa: "Pilaastikiin kamiyyuu yeroo tokko qofaaf tajaajila kennan, akka hin oomishamne; akka biyya hin seenne akkasumasa akka hin gurguramne guutummaan guutuutti dhokameera.’’ Dhugaansaa: Labsichi pilaastika yeroo tokkotti fayyadan hunda hin dhorkine. Akka labsichaatti "boorsaa pilaastikii haphii (feestaala)" yeroo tokkotti fayyadamuu qofatu guutummaatti dhorkaadha. Akkuma Labsii Bulchiinsa fi Gatinsa Balfa Jajjaboo Lakk.1383/2017 ifatti ibsutti; "Qajeelfama oomisha, galtee ykn itti fayyadama pilaastikaa yeroo tokkotti fayyadamu baasuu danda'a." Kana jechuun pilaastikoonni akka barbaachisummaa isaatti hayyamaman jiru jechuudha. Dhimma kana ilaalchisee Abbaan Taayitaa Eegumsa Naannoo fuula miidiyaa hawaasaa ofiisaa irratti ibsa kenneen, meeshaaleen akka hin faalamne ykn wantoota biroo waliin akka hin makamneef qadaada pilaastikaa akka fayyadamu; akkasumas pilaastika nyaataaf, baaltinnaaf, tajaajila uffata miiccaa(laawundariif) fi oomishaalee biroo saamsuuf kan oolu labsii kanaan akka hayyamamu mirkaneesseera. Haalli qabinsaa fi gatinsa pilaastikoota kanaa qajeelfama gara fuula duraatiin kan bulfamu ta’a. Kana malees, Daarektarri Olaanaa Abbaa Taayitichaa Dr. Leellisee Namee ibsa ENA’f kennaniin, Labsichi oomishaalee pilaastikaa guutummaatti akka hin dhorkine ifatti ibsaaniiru. Odeeffannoo dogoggoraa: "Labsii kana raawwachuu fi raawwachiisuuf itti gaafatamummaa kan qabu Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo qofa." Dhugaa: Labsii kana raawwachiisuuf itti gaafatamummaa dhumaa Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo fi waajjiraalee eegumsa naannoo naannichaaf kennamee dhugaa ta’ee osoo jiruu, hojiin raawwachiisummaa garuu abbaa taayiticha qofaan kan hojjetamu miti. Seerri kun lafarratti yeroo hojiirra oolu poolisii fi qaamoleen seera kabachiisan kanneen seeraan ala boorsaa pilaastikaa oomishanii, galchanii fi itti fayyadaman irratti hordofanii tarkaanfii raawwachiisummaa kan fudhatan ta’uu Daarektarri Olaantuun kuni ibsaniiru. Kanaaf ummannii fi hawaasni daldalaa hojii raawwachiisummaas qaamolee nageenyaa fi seera kabachiisaniin kan raawwatamu ta’uu hubachuu qabu. Ummanni odeeffannoo hin mirkanoofnee fi dogoggorsiisaa miidiyaa hawaasaa irratti tamsa’u fudhachuu irraa akka of qusatuu fi qajeelfama itti fayyadama pilaastikaa kallattiin fuula abbaa taayitichaa irraa fi maddoota amanamoo irraa qofa akka argatu gorsaniiru.
Sagantaan Ashaaraa Magariisaa omishaa fi Omishtummaa bunaa guddiseera
Feb 23, 2026 145
Guraandhala16/2018(ENA): Sagantaan Ashaaraa Magariisaa omishaa fi Omishtummaa bunaa guddisuurratti gahee olaanaa bahachaa jiraachuu qooda fudhattoonni damichaa ibsan. Itiyoophiyaan bara baajataa 2017 buna toonii kuma 469 Gabaa Addunyaaf erguun galii doolaara biiliyoona 2.65 argachuun ishee kan yaadatamu yoo ta’u, bara baajataa 2018 buna toonii kuma 600 gara alaatti erguun galii doolara biiliyoona 3 ol argachuuf karoorsitee hojjechaa jirti. Qaamoleen damicharratti bobba’an ENA’f akka ibsanitti,damee qonnaan omishtummaa bunaarratti bu’aa gaarii galmeessisuuf hojiin eegumsa qabeenya uumamaa murteessaa ta’uu mirkaneessaniiru. Naannoo Oromiyaatti Al-ergii fi Oomisha Bunaa irratti kan hirmaatan obbo Faxxanaa Yewaalaasheet hojiin qabeenya uumamaa keessumaa Ashaaraan Magariisaa qooda guddaa gumaachuu dubbataniiru. Waggoottan darban Sagantaan Ashaaraa Magariisaa itti fufinsaan hojjetamuunsaa buna omishuuf sirna ekkooloojii fi haala qilleensaa mijataa ta’e uumuu dandeessisuu dubbataniiru.   Naannoo Kibba Dhiha Itiyoophiyaatti hojii damee bunaarratti kan bobba’an Andu’aalam Fantaa gamasaaniin Sagantaan Ashaaraa Magariisaa omishtummaa bunaa guddisuurratti jijjiirama guddaa fidaa jira jedhaniiru. Kun ta’uusaan Magantaa Ashaaraa Magariisaarratti miseensonni waldichaa bal’inaan hirmaachuun misoomicha deeggaraa jirra jechuun ibsaniiru. Bakkeewwan biyyattii adda addaatti omishtummaa bunaa guddisuuf qabeenya uumamaa eeguun murteessaa ta’uu kan ibsan naannoo Sidaamaatti hojii buna dhiheessuurratti kan bobba’an Abaataa Kiishooti. Yaada kennitoonni Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaaf biqiltuuwwan bunaa Sanyii fooyya’oo dhaabbiif qopheessaa jiraachuu dubbataniiru. Itti Aanaan pirezidaantii Waldaa Buna Itiyoophiyaa Zarihuun Qaamiisoo gamasaaniin Sagantaan Ashaaraa Magariisaa guddina diinagdee biyya keenyaa ariifachiisuu keessatti qooda guddaa qabaachuu beeksisaniiru. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa akka biyyaatti erga hojiirra ooluu jalqabee biqiltuuwwan bunaa biiliyoona 8 ol dhaabbachuusaanii himaniiru.
Badhaadhina fi tasgabbii Afrikaaf damee bishaanii irratti invastimantii gochuun barbaachisaa dha
Feb 15, 2026 230
Guraandhala 8/2018 (ENA)- Badhaadhinaa fi tasgabbii Afrikaatiif invastimantiin cimaa damee bishaanii irratti taasifamuun barbaachisaa ta’uu Gamtaa Afrikaatti Komishinarri Qonnaa, Misooma Baadiyyaa, Diinagdee Biluu fi Naannoo Itti Fufiinsa qabu Moosees Viilaakaatii ibsani. Yaa’iin hoggantootaa Gamtaa Afrikaa 39ffaan magaalaa guddoo Afrikaa Finfinneetti mata duree “Dhiyeessii Bishaanii fi Qulqullina Itti Fufiinsa Qabu Mirkaneessuu;Galmoota Ajandaa 2063 Galmaan Gahuu” jedhuun gaggeeffamaa jira. Komishinar Moosees Vilaakaatii saganticha irratti akka ibsanitti, Bishaanii fi qulqullina naannoo guddinaa fi jijjiirama diinagdee Afrikaaf bu’uuraa dha jedhani. Afriikaan damee kanarratti waggaa waggaan hanqinni maallaqaa doolaara biliyoonaan lakkaa’amu kan ishee mudatuu ibsuun, kunis Galmoota Misooma Itti Fufiinsa Qabu galmaan ga’uufi jijjiirama qilleensaa ittisuuf gufuu ta’uu eeraniiru. Mata dureen Yaa’ii hoggantootaa Gamtaa Afrikaa 39ffaa “Dhiyeessii Bishaanii fi Qulqullina Itti Fufiinsa Qabu Mirkaneessuu;Galmoota Ajandaa 2063 Galmaan Gahuu” jedhu kanaafidha jedhan. Walgahii kana irratti pirojektoota invastimantiif qophaa’an kan dhiyaatan ta’uu eeruun, kana keessaas waggaatti invastimantii doolaara biliyoonaan lakkaa’amuu kan danda’u wadaan argamuu himaniiru. Qajeelfamni biyyoonni sagantaa bishaanii haala qilleensaa dandamatu akka qopheessanii fi adeemsa invastimantii hordofuuf kan gargaaru galmeen irratti barreessa ifa taasifamuu himaniiru. Badhaadhinaa fi tasgabbii Afrikaaf damee bishaanii irratti kutannoodhaan invastimantii gochuun barbaachisaa akka ta’e dubbataniiru.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 16918
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 2226
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan.   Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru.   Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru.   Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.  
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015