Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Ayyaanni Cuuphaa qabiyyee amantaarra darbee walooma waloo fi duudhaa aadaa Itiyoophiyaanotaa addunyaaf kan beeksisudha
Jan 17, 2026 3
Amajjii 9/2018(ENA)-Ayyaanni Cuuphaa qabiyyee amantaarra darbee walooma waloo fi duudhaa aadaa Itiyoophiyaanotaa addunyaaf kan beeksisudha jedhan hojii gaggeessan olaanaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee Injiinar Wandimmuu Seettaa. Ayyaanni Cuuphaa ayyaanota addababayii bataskaanni Ortodoksii Itiyoophiyaa dammaqinaan kabajju keessaa tokkodha. Ejensiin bulchiinsa qulqullinaa magaalaa Finfinnee bakka ayyaanni kataraa fi cuuphaan itti kabajamu Jaanmeedaa hordoftootaa fi hirmaattotaaf mijataa fi qulqulluu gochuuf sagantaa qulqullinaa gaggeesseera. Sadarkaa itti aanaa kantiibaatti hojii gaggeessaa olaanaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee Injiinar Wandimmuu Seettaa dabalatee abbootiin amantaa, abbootiin Gadaa, haadholiin Siinqee, ogeeyyonni Aartii fi jiraattonni saganticharratti argamaniiru. Wayituma kana, ayyaanni kun qabiyyee amantaarra darbee walooma waloo fi duudhaalee aadaa Itiyoophiyaanotaa addunyaaf kan beeksisudha jedhan Injiinar Wandimmuu Seettaa. Ayyaanni kun kan Itiyoophiyaanotaa qofa osoo hin taane Hambaa Yuuneeskootti galmaa’e waan ta’eef ayyaanichi dammaqinaan akka kabajamu itti gaafatama olaanaa qabna jedhaniiru. Yeroo bulchiinsi magaalichaa magaalaa Finfinnee misooma Kooriidarii fi misooma birootiin miidhagduu fi qulqulluu taasisetti kabajamuunsaa ayyaana Kataraa fi cuuphaa baranaa adda akka isa godhu eeraniiru. Ayyaanichi yeroo hojiileen misoomaa hedduun milkaa’anitti kan kabajamu ta’uusaa eeranii, bayyanachuu Itiyoophiyaa addunyaaf kan itti agarsiifnudha jdhaniiru. Abbootiin amantaa garagaraa saganticharratti hirmaatan gamasaaniin, Ortodoksii Itiyoophiyaaf kabaja qabnu agarsiisuuf, waloomaa fi obbolummaa cimsuuf akkasumas qulqullina, miidhaginaa fi eegumsa naannoo aadaa ta’uusaa hubachiisuuf agarsiisuuf argamuusaanii eeraniiru. Ayyaanichi qabeyyee amantaan gamatti duudhaa aadaa isaatiin eegamee qindoominaan hojjechuun barbaachisaa ta’uusaa eeraniiru. Wantoota tokko nu taasisanirratti gamtaan hojjechuun guddinaa fi badhaadhina Itiyoophiyaa waloomaan agarsiisuu barbaachisa jedhan abbootiin amantaa.
Magaalichatti tajaajilli giddugala iddoo tokkoo (Masoob) hojiirra jiru baasii hin mallee fi ifaajii nurraa hambiseera- Jiraattota
Jan 17, 2026 19
Amajjii 9/2018(ENA) – Magaalaa Jimmaatti tajaajilli giddugala iddoo tokkoo (Masoob) hojiirra jiru baasii hin mallee fi ifaajii akka isaan irraa hambise fayyadamtoonni dubbatan.   Giddugalichatti tajaajilamaa kan turani keessaa obbo Mahaammad Jamaal yaada kennaniin, giddugalichatti tajaajila ariifataa fi si’oomina qabu argachuu isaanii himan. Boolloo konkolaataa haaressuuf kan dhufan ta’uu kan himan tajaajilaman kun, ifaajii tokko malee dhimma isaanii xumurachuusaanii dubbataniiru. Tajaajila kanaan dura kennamu keessatti deddeebi’uunii fi dadhabbii hin malleef saaxilamaa kan turan ta’uu eeruun, tajaajilli giddugala iddoo tokkoo (Masoob) irra caalaa ammayyoomee itti fufuu qaba jedhaniiru.   Kaadaastara lafaa fudhachuuf dhufanii yeroo gabaabduu keessatti dhimma isaanii xumuatanii kan bahan aadde Itaalam Daggafaa, tajaajilli argatan ariifataa fi si’aawaa ta’uu dubbataniiru. Tajaajilli kennamu ariifataa ta’uun olitti immoo namuusa gaariin kan guutamee fi dabareedhaan keessummeeffamuu isaanii himaniiru. Ariitii kanaan tajaajila akkasii argachuun kan hin yaadamne ta’uu eeruun, hojiin jalqabame kun itti fufuu qaba jedhaniiru.   Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Jimmaa obbo Xahaa Qamar tajaajilli iddoo tokkoo kun haala ammayyaa’een gurmaa'ee fayyadamtoota irratti rakkina mudatu kan dhabamsiisu waan ta’eef bu'aan olaanaa irraa argameera jedhan. Hojii hanga ammaatti hojjetameenis waggoota hedduuf rakkoo bulchiinsaa hawaasaa ta’ee kan ture kan deebisee fi itti quufinsa hawaasaa kan guddise dha jedhan.   Giddugalli tajaajilaa kun teeknooloojiin kan guutamee fi hojjettoota leenji’aniin kan qindeeffamee tajaajila kan kennu ta’uu ibsuun, tajaajila kana kan kanaan duraarra daran ammayyeessuun kan hojjetan ta’uu himaniiru.
Riifoormiin biyyaalessaa humna hojjetaa gahumsa qabu uumuu keessatti gahee olaanaa qabaata
Jan 17, 2026 16
Amajjii 9/2018(ENA)- Riifoormiin biyyaalessaa humna hojjetaa gahumsa qabu uumuu keessatti gahee olaanaa bahateera jedhani Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad. Ministirri Muummee FDRI doktar Abiyyi Ahimad konfiraansii mata duree ‘’riifoormii Faayinaansii Itiyoophiyaatti’’ jedhuun qophaa’ee fi dhaabbileen jahan faayinaansii fi sirna galii dursaa jiran gamaaggama raawwii hojii fi tarsiimoo faayinaansii waggoottan shanan itti aanaan irratti daawwannaa duraa gaggeessan irratti ergaa dabarsaniin, riifoormiin biyyaalessaa humna hojjetaa gahumsa qabu uumuu keessatti gahee olaanaa bahachuu dubbataniiru. Hojiin qabatamaan hojjetamu kamiyyuu dandeettii nama uumuu akka qabu eeruun, guyyaan hundi barnoota, qormaanni hundinuu immoo galtee barnootaati jedhani. Taateewwan addunyaa irratti mul’atan akka carraatti itti fayyadamuun, barachuu fi guddachuun akka danda’amus dubbataniiru. Bu’aan riifoormii fi dandeettiin gaggeessummaa yeroo eegalamu gaggeessitoonni turan adeemsa keessa beekumsa isaanii sadarkaa olaanaan guddifachuu ibsuun, akka haaraatti gara gaggeessummaatti kan dhufan immoo Itiyoophiyaan abdii fi gaggeessitoota akka qabdu agarsiiftuu ta’uu ibsaniiru. Haata’u malee kana jechuun, hundamaa beeknee hin xumurre kan jedhan Ministirri Muummee, ammallee hojii manaa hedduu waan nu hafu qabna jedhaniiru. Haala yeroo murtee sharafa maallaqaa waliin walqabatee ture akka fakkeenyaatti eeruun Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad, yeroo sanatti murtee dabarsuuf waggoota lamaa fi sadiif falmii bal’aa fi mariin hedduu adeemsifamuu yaadachiisaniiru. Biyyoota milkaa’an irraa muuxannoo fudhachuu eeruun, biyyoota hin milkoofneef immoo gadi fageenyaan qorachuun barnoota irraa argachuu dubbataniiru. Adeemsi qorannoo fi falmii kun hoggansa keessatti ofitti amanamummaa, muuxannoo fi beekumsa sadarkaa olaanaa akka uume eeruun, bu’aan yeroo ammaa mul’achaa jiru adeemsa kanaaf ragaa ta’uu ibsaniiru. Itti fayyadama qabeenya biyyaa iftoomina, itti gaafatamummaa fi haala madaalawaa ta’een hogganamuu akka qabu kan hubachiisan Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad, qabeenya biyyattii sirnaan hogganuuf itti fayyadamni teeknooloojii murteessaa dha jedhan.
Kan mul'ate

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa
Paartiin Badhaadhinaa damee hundaan fayyadamummaa uummataa  guddisuuf  hojiiwwan eegale  ni cimsa- Adam Faaraah 
Jan 16, 2026 66
Amajji 8/2018(ENA)- Paartiin Badhaadhinaa Damee hundaan fayyadamummaa hawaasaa guddisuuf hojiiwwan eegale akka cimsu itti aanaan Pireezidaantii Paartii Badhaadhinaa fi sadarkaa itti aanaa Ministira Muummeetti Hogganaan Waajjira Qindeessaa Ijaarsa Sirna Dimokiraasii Adam Faaraah ibsani. Waltajjiin Gamaaggama raawwii hojii Paartii Badhaadhinaa baatii 6 magaalaa Hosaa’inaatti gaggeefame carraa hojii uumuu fi tasgabbii gabaarratti hojii hojjetame gamaggamuun xumurameera. Waltajjicharratti akka obbo Adam Faaraah ibsanitti,kallattiiwwan dinagdee damdaneessaa hojiirra oolchuun bu’aan qabatamaan argameera. Carraa hojii uumuu ogummaarratti hundaa’e hojiirra oolchuun fayyadamummaa carraa hojii uumuu lammiilee bal’isuuf hojii hojjetameen baatiiwwan 6n darban hojiin abdachiisaan hojjetameera jedhaniiru. Carraawwan argaman guddisuuf filannoowwan teekinooloojiiwwan Qonnaa,Manufaakcheringii sirnaan fayyadamuu akka qaban dubbataniiru. Hojiidhabdoota adda basuu, kanneen hojii keessa jiran cimsuu fi hojiin madaallii gahumsa dhaabbiilee qorannoon akka raawwatamuuf xiyyeeffannoo addaan gaggeessuu akka qaban hubachiisaniiru. Hojii gabaa tsagabbeesuuf hojjetameen foyya’insi jiraachuu ibsuun kana cimsuuf dhiheessii omishaa guddisuuf xiyyeeffannoon hojjetama jedhaniiru. Kanaafis gidduugalawwan gabaa babal’isuu, qulqullina omishaa eegsisuu, waldaalee hojii gamtaa deeggaruu fi Kaayyoo paartichaa kan ta’e ijaarsa giddugala daldalaa ammayyaa, sadarkaa ammayyaan magaalaa tokko keessatti cimsuu akka ta'es hubachiisaniiru. Walumaagalatti Paartiin Badhaadhinaa dameelee adda addaan fayyadamummaa uummataa guddisuuf hojiiwwan eegale ni cimsa jechuun ibsaniiru. Kanaafis milkaa’inoota damichaan baatiiwwan jahan darbanitti argaman cimsuu fi rakkoowwan mudataniif kallattii furmaataa kaa’uun bu’aa eegamu galmeessuuf kutannoon hoggansaa murteessaa ta’uu hubachiisaniiru. Waltajjicharratti hoggantoonni damee Paartii Badhaadhinaa fi gareen dargaggootaa hirmaataniiru.
Mariin Biyyoolessaa Mootummaa cimaa ijaaruuf murteessaadha
Jan 15, 2026 123
Amajjii 7/2018(ENA)- Mariin Biyyoolessaa nageenya waaraa fi mootummaa cimaa ijaaruuf murteessaa ta’uu Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti itti aanaan walitti qabaa koree dhaabbataa dhimmoota dimookiraasii Azmaraawu Andeemoo ibsan. Mariin Paanaaliii mataduree ““Nageenya itti fufsiisuu, kennaa qabeenya uumamaa misoomsuuf” jedhuun walta’insa ENA fi Biiroo Koomunikeeshinii Naannoo Amaaraan qophaa’e Magalaa Baahirdaaritti gaggeeffamaa jira. Waltajjicharratti Barreeffama marii mata duree ‘’Marii Biyyoolessaa fi Ijaarsa nageenyaa’ jedhu Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti Itti Aanaan Walitti Qabaa Koree Dhaabbataa Dhimmoota Dimookiraasii Azmaraawu Andamoo dhiheessaniiru. Barreeffamasaaniin Itiyoophiyaatti garaagarummaa karaa nagaan hiikuu fi nageenya itti fufinsa qabu mirkaneessuuf shoorri Marii Biyyoolessaa olaanaa ta’uu ibsaniiru. Mariin Biyyoolessaa Mootummaa cimaa fudhatama qabu ijaaruuf , dhimmoota wal nudhabsiisanirratti mari’achuun walii galuu fi sirna dimokiraasii cimsuuf murteesaadha jedhani. Kanaafis Komishiniin Mariin Biyyoolessaa Itiyoophiyaa kan hundeeffame gad fageenyaa nii fi amala rakkoolee hubachuun,tooftaa fi haala biyyoota biroorraa fooyya’een hojjechaa jirachuu dubbataniiru. Dhaabbilee cimoo ijaaruun hariiroo hawaasummaa cimsuunii fi walii galtee hawaasaa haaraa uumuun garaagarummaa gara tumsaatti jijiiruun nageenya itti fufinsa qabu qooda bakka hin buune akka qabu dubbataniiru. Mariin Biyyoolessaa furmaata ariifachiisaa osoo hin taanee, yero dheeraa kan fudhatu invastimantii akka ta’e eeruun, marichi meeshaa ijaarsa nageenyaa qofa osoo hin taanee, utubaa ijaarsa biyyaa ta’uu hubachiisani. Itiyoophiyaanonni hundi carraa seenaa qabeessa kana fayyadamuun carraasaanii fuulduraa akka murteessanii fi waliigaltee biyyoolessaa uumuuf qoodasaanii akka bahaniif waamicha dhiheessaniiru.
Rasaasni meeshaalee waraanaa garaagaraa kumni 56 ol mootummaan Shaabiyaa shiftoota maqaa Faannoon socho’aniif dhoksaan erge to’atamani.
Jan 14, 2026 184
Amajjii 6/2018 (ENA) – Rasaasni meeshaalee waraanaa garaagaraa kumni 56 ol mootummaan Shaabiyaa baandota keessaa fi diinota seenaa waliin ta’uun nageenya biyyattii booressuuf shiftoota maqaa Faannoon socho’an hidhachiisuuf dhoksaan erge to’achuu Poolisiin Federaalaa ibseera.   Poolisiin Federaalaa qaamolee nageenyaa biroo waliin ta’uun rasaasawwan kanneen shakkamtoota lama waliin buufata sakatta'insaa Waldiyaatti to’achuu beeksiseera. Qorannoo sadarkaa jalqabaa shakkamtoota kanneen irratti gaggeeffameen rasaasonni kunneen mootummaa Shaabiyaa irraa ergamuufi gareen Finxaaleyyii ABUT naannoo Tigraay magaalaa Maqaleetii fuudhee gara naannoo Amaaraa Shawaaroobiit galchuun shiftoota maqaa Faannoon socho’aniif geessuuf socho’aa akka turan mirkanaa’eera.   Gareen Finxaaleyyii mootummaa Shaabiyaaf riqicha ta’ee tajaajilaa jiru ABUT garee shiftootaa maqaa Faannoon socho’an hidhachiisuun nageenya biyya keenyaa booressuuf karoorsee rasaasa Kilaashii kuma 41 fi 999, rasaasa Bireenii kuma 14 fi rasaasa Diishqaa 800 waliigalaan rasaasa kuma 56 fi 799 dhoksaan Eertiraarraa karaa agaalaa Maqaleen konkolaataa fe’umsaa ‘Isuzu’ koodii 3 A.A B94744n simmintoofi bilookkeettii fakkeessuun fe’ee naannoo Amaaraa Waldiyaarraan gara Shawaaroobiititti osoo imalaaa jiranii buufata sakatta'insaa Waldiyaatti to’atameera. Poolisiin Federaalaa qaamolee nageenyaa biroo wajjin qindoomuun hordoffii fi sakatta'insa cimaa taasiseen rasaasota kanneen Amajjii 5 bara 2018 shakkamtoota lama waliin to’achuun qorannoo irratti gaggeessaa jira. Baandonnii fi diinonni qindaa’anii nageenyaa fi tasgabbii biyyattii booressuuf akkasumas misoomaa fi guddina biyyattii danquuf yeroo garaagaraatti yeroo socho’an to’annoo jala ooluun kan yaadatamudha. Yeroo ammaa kanas humnoonni diinotaa kunneen biyyattii irratti miidhaa qaqqbasiisuuf socho’aa waan jiraniif humni nageenyaa oppireeshinii eegale cimsee kan itti fufu ta’uu fi hawaasnis humna nageenyaa tumsuun deeggarsa akka taasisu Poolisiin Federaalaa waamicha dhiyeesseera.
Mariin Biyyaalessaa Rakkoolee mariin furuuf Qooda olaanaa qaba - Jiraattota
Jan 14, 2026 121
Amajjii 6/2018(ENA)- Mariin Biyyoolessaa rakkoolee biyyattii ture mariin akka furamaniif qooda olaanaa qabaachuu jiraattonni Magaalaa Jigjigaa ibsan. Jiraattonni Magaalichaa ENAf yaada kennan, Komishiniin Marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa adeemsa marichaa hirmaachisaa fi hammataa taasisuun Kutaalee Hawaasaa adda addaa hirmaachisaa tureera jedhan. Dhimma marichaarratti kutaaleen hawaasaa hundi hirmaannaa fi hubannaa akka qabaatan gochuuf hojiin hojjechaa jiru kan jajjabeeffamudha jedhaniiru. Kanaanis mariin biyyaalessaa rakkoolee biyyattii turan mariin akka furamaniif qooda olaanaa qabaachuu jiraattonni dubbataniiru.   Jiraattota yaada kennan keessaa keessaa obbo Abdiirahimaan Mahaammad, Mariin biyyoolessaa Ajandaa waloo walitti qabuun, rakkoolee mariin furuu fi aadaa haaraa dagaagsuun Itiyoophiyaa nagaa taate ijaaruuf ni gargaara jedhaniiru. Kunis biyyattiitti seenessa waloo ijaaruuf tattaaffii taassifamu kan cimsu ta’uu abdii qaban ibsaniiru. Obbo Adan Yuusuuf gama isaaniin,Komishiniin adeemsa Marii biyyoolessaa marii biyyichatti taassisaa jiru kutaalee hawasaa adda addaa hirmaachisuun raawwatamaa jiraachuun kan dinqisiifatamu dha jedhaniiru.   Waldhabdeewwan biyyattii keessa jiran karaa qaroomeen furuuf hojiin marii cimee itti fufuu akka qabu ibsaniiru. Obbo Malaakuu Baalchaa gamasaaniin, Mariin biyyoolessaa imala guddina biyyaaf shoora olaanaa qabaachuu eeruun, keessumaa walii galtee uumuun imala badhaadhinaa Itiyoophiyaa saffisiisuu dandeessisa jedhaniiru.   Nageenyi guddina biyyaaf murteessa ta’uu eeruun, keessumaa milkaa’inoota hojiiwwan misoomaa karoorfamaniif mariin biyyoolessaa qooda olaanaa qaba jedhaniiru.  
Nageenyii fi tasgabbiin waaraa akka bu’uuf adeemsa marichaa keessatti hirmaannaa keenya ni cimsina
Jan 14, 2026 130
Amajji 6/2018(ENA)- Mariin Biyyoolessaa milkaa’inaan xumuramuun nagenyii fi tasgabbiin waaraa akka mirkanaa’uuf adeemsa marichaa keessatti hirmaannaa keenya ni cimsina jedhan Abbootiin Gadaa, Maanguddoonni biyya fi Haadholiin Siinqee. Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa naannolee 11 fi bulchiinsa magaalota 2 keessatti, sadarkaa federaalaatti akkasumas qooda fudhattoota Itiyoophiyaa fi dhalattoota Itiyoophiyaa biyya alaa jiraatan irraa ajandaan walitti qabameera. Gareen marii ajandaa kaa’u kun qooda fudhattoota dhimma biyya isaanii keessatti hirmaachuu qaban walitti fiduun dhimmoota waloo isaanii irratti mari’achuu isaanii Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa ibseera. Sirna waldhabdee hiikuu biyyattii keessatti qooda fudhattoonni gahee olaanaa qabanis adeemsa kanarratti hirmaataniiru. Naanno Oromiyaatti Marii biyyaalessaa irratti kanneen bal’inaan hirmaatan keessaa Abbootiin Gadaa, Haadholiin Siinqee fi Maanguddoonni biyyaa keessatti argamu. Abbootiin Gadaa, Haadholiin Siinqee fi Maanguddoonni biyyaa ENAn magaalaa Adaamaatti dubbise, Mariin Biyyaalessaa akka milkaa’uuf shoora isaanii kan bahatan ta’uu ibsaniiru.   Magaalaa Adaamaatti dura taa’aan Mana Murtii Aadaa kutaa Magaalaa Abbaa Gadaa, Fayisaa Magarsaa akka jedhanitti, Mariin Biyyoolessaa godaannisa darbe furuu keessatti gahee olaanaa qaba. Marii hanga ammaatti tasifame irrattis Abbootiin Gadaa, Haadholiin Siinqee fi Maanguddoonni Biyyaa hirmaannaa cimaa taasisuu himaniiru. Magaalaa Adaamaatti ajandaa walitti qabuu gaggeeffameen yaadota barbaachisoo ta’an kanneen nagaa waaraa Itiyoophiyaa milkeessuuf gargaaran akka dhiyeessan yaadachiisuun, hanga adeemsi kun xumuramutti waan isaan irraa eegamu bahachuu itti fufna jedhan. Maanguddoon biyyaa obbo Dirribaa Caalaa gama isaaniin, akka nannootti sagantaa ajandaa walitti qabuu magaalaa Adaamaatti gaggeeffame irratti yaada gaarii galteef ta’u dhiyeessaa turuu ibsaniiru.   Keessumaa sirna aadaa waldhabdee furuu fayyadamuun nageenya waaraa buusuun akka danda’amu eeruun, Mariin biyyoolessaa akka milkaa’uuf nutis gahee keenya cimsinee ni baana jedhaniiru. Maanguddoon biyyaa biroo obbo Xilahuun Raagoo akka jedhanitti, qaamotni marii biyyoolessaa dhufu irratti hirmaatan yaadota Itiyoophiyaan biyya nagaa waaraa qabduu fi nama hunda fayyadamoo kan taasiftu akka taatu kan gargaaran irratti xiyyeeffachuu qabu.   Mariin Biyyaalessaa rakkoolee keenya kan ittiin furannuu fi biyya biyyoota biroofillee fakkeenyaan fudhatamtu akka taatuuf gahee nurraa eegamu cimsinee ni bahanna jedhaniiru. Haati Siinqee Birqee Kabbadaa gama isaaniin, biyyi nageenya hin qabdu taanaan dubartiitu irra miidhama, deessee guddifachuuf, baatee galuuf hunduu qormaata itti ta’a jedhan.   Mariin Biyyaalessaa amma adeemsifamaa jiru hunda kan fayyadu, rakkoolee kan furu waan ta’eef hunduu milkaa’ina isaaf gahee isaa cimsuu qaba jedhan.

Hawaasummaa
Ayyaanni Cuuphaa qabiyyee amantaarra darbee walooma waloo fi duudhaa aadaa Itiyoophiyaanotaa addunyaaf kan beeksisudha
Jan 17, 2026 3
Amajjii 9/2018(ENA)-Ayyaanni Cuuphaa qabiyyee amantaarra darbee walooma waloo fi duudhaa aadaa Itiyoophiyaanotaa addunyaaf kan beeksisudha jedhan hojii gaggeessan olaanaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee Injiinar Wandimmuu Seettaa. Ayyaanni Cuuphaa ayyaanota addababayii bataskaanni Ortodoksii Itiyoophiyaa dammaqinaan kabajju keessaa tokkodha. Ejensiin bulchiinsa qulqullinaa magaalaa Finfinnee bakka ayyaanni kataraa fi cuuphaan itti kabajamu Jaanmeedaa hordoftootaa fi hirmaattotaaf mijataa fi qulqulluu gochuuf sagantaa qulqullinaa gaggeesseera. Sadarkaa itti aanaa kantiibaatti hojii gaggeessaa olaanaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee Injiinar Wandimmuu Seettaa dabalatee abbootiin amantaa, abbootiin Gadaa, haadholiin Siinqee, ogeeyyonni Aartii fi jiraattonni saganticharratti argamaniiru. Wayituma kana, ayyaanni kun qabiyyee amantaarra darbee walooma waloo fi duudhaalee aadaa Itiyoophiyaanotaa addunyaaf kan beeksisudha jedhan Injiinar Wandimmuu Seettaa. Ayyaanni kun kan Itiyoophiyaanotaa qofa osoo hin taane Hambaa Yuuneeskootti galmaa’e waan ta’eef ayyaanichi dammaqinaan akka kabajamu itti gaafatama olaanaa qabna jedhaniiru. Yeroo bulchiinsi magaalichaa magaalaa Finfinnee misooma Kooriidarii fi misooma birootiin miidhagduu fi qulqulluu taasisetti kabajamuunsaa ayyaana Kataraa fi cuuphaa baranaa adda akka isa godhu eeraniiru. Ayyaanichi yeroo hojiileen misoomaa hedduun milkaa’anitti kan kabajamu ta’uusaa eeranii, bayyanachuu Itiyoophiyaa addunyaaf kan itti agarsiifnudha jdhaniiru. Abbootiin amantaa garagaraa saganticharratti hirmaatan gamasaaniin, Ortodoksii Itiyoophiyaaf kabaja qabnu agarsiisuuf, waloomaa fi obbolummaa cimsuuf akkasumas qulqullina, miidhaginaa fi eegumsa naannoo aadaa ta’uusaa hubachiisuuf agarsiisuuf argamuusaanii eeraniiru. Ayyaanichi qabeyyee amantaan gamatti duudhaa aadaa isaatiin eegamee qindoominaan hojjechuun barbaachisaa ta’uusaa eeraniiru. Wantoota tokko nu taasisanirratti gamtaan hojjechuun guddinaa fi badhaadhina Itiyoophiyaa waloomaan agarsiisuu barbaachisa jedhan abbootiin amantaa.
Magaalichatti tajaajilli giddugala iddoo tokkoo (Masoob) hojiirra jiru baasii hin mallee fi ifaajii nurraa hambiseera- Jiraattota
Jan 17, 2026 19
Amajjii 9/2018(ENA) – Magaalaa Jimmaatti tajaajilli giddugala iddoo tokkoo (Masoob) hojiirra jiru baasii hin mallee fi ifaajii akka isaan irraa hambise fayyadamtoonni dubbatan.   Giddugalichatti tajaajilamaa kan turani keessaa obbo Mahaammad Jamaal yaada kennaniin, giddugalichatti tajaajila ariifataa fi si’oomina qabu argachuu isaanii himan. Boolloo konkolaataa haaressuuf kan dhufan ta’uu kan himan tajaajilaman kun, ifaajii tokko malee dhimma isaanii xumurachuusaanii dubbataniiru. Tajaajila kanaan dura kennamu keessatti deddeebi’uunii fi dadhabbii hin malleef saaxilamaa kan turan ta’uu eeruun, tajaajilli giddugala iddoo tokkoo (Masoob) irra caalaa ammayyoomee itti fufuu qaba jedhaniiru.   Kaadaastara lafaa fudhachuuf dhufanii yeroo gabaabduu keessatti dhimma isaanii xumuatanii kan bahan aadde Itaalam Daggafaa, tajaajilli argatan ariifataa fi si’aawaa ta’uu dubbataniiru. Tajaajilli kennamu ariifataa ta’uun olitti immoo namuusa gaariin kan guutamee fi dabareedhaan keessummeeffamuu isaanii himaniiru. Ariitii kanaan tajaajila akkasii argachuun kan hin yaadamne ta’uu eeruun, hojiin jalqabame kun itti fufuu qaba jedhaniiru.   Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Jimmaa obbo Xahaa Qamar tajaajilli iddoo tokkoo kun haala ammayyaa’een gurmaa'ee fayyadamtoota irratti rakkina mudatu kan dhabamsiisu waan ta’eef bu'aan olaanaa irraa argameera jedhan. Hojii hanga ammaatti hojjetameenis waggoota hedduuf rakkoo bulchiinsaa hawaasaa ta’ee kan ture kan deebisee fi itti quufinsa hawaasaa kan guddise dha jedhan.   Giddugalli tajaajilaa kun teeknooloojiin kan guutamee fi hojjettoota leenji’aniin kan qindeeffamee tajaajila kan kennu ta’uu ibsuun, tajaajila kana kan kanaan duraarra daran ammayyeessuun kan hojjetan ta’uu himaniiru.
Diinagdee
Riifoormiin biyyaalessaa humna hojjetaa gahumsa qabu uumuu keessatti gahee olaanaa qabaata
Jan 17, 2026 16
Amajjii 9/2018(ENA)- Riifoormiin biyyaalessaa humna hojjetaa gahumsa qabu uumuu keessatti gahee olaanaa bahateera jedhani Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad. Ministirri Muummee FDRI doktar Abiyyi Ahimad konfiraansii mata duree ‘’riifoormii Faayinaansii Itiyoophiyaatti’’ jedhuun qophaa’ee fi dhaabbileen jahan faayinaansii fi sirna galii dursaa jiran gamaaggama raawwii hojii fi tarsiimoo faayinaansii waggoottan shanan itti aanaan irratti daawwannaa duraa gaggeessan irratti ergaa dabarsaniin, riifoormiin biyyaalessaa humna hojjetaa gahumsa qabu uumuu keessatti gahee olaanaa bahachuu dubbataniiru. Hojiin qabatamaan hojjetamu kamiyyuu dandeettii nama uumuu akka qabu eeruun, guyyaan hundi barnoota, qormaanni hundinuu immoo galtee barnootaati jedhani. Taateewwan addunyaa irratti mul’atan akka carraatti itti fayyadamuun, barachuu fi guddachuun akka danda’amus dubbataniiru. Bu’aan riifoormii fi dandeettiin gaggeessummaa yeroo eegalamu gaggeessitoonni turan adeemsa keessa beekumsa isaanii sadarkaa olaanaan guddifachuu ibsuun, akka haaraatti gara gaggeessummaatti kan dhufan immoo Itiyoophiyaan abdii fi gaggeessitoota akka qabdu agarsiiftuu ta’uu ibsaniiru. Haata’u malee kana jechuun, hundamaa beeknee hin xumurre kan jedhan Ministirri Muummee, ammallee hojii manaa hedduu waan nu hafu qabna jedhaniiru. Haala yeroo murtee sharafa maallaqaa waliin walqabatee ture akka fakkeenyaatti eeruun Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad, yeroo sanatti murtee dabarsuuf waggoota lamaa fi sadiif falmii bal’aa fi mariin hedduu adeemsifamuu yaadachiisaniiru. Biyyoota milkaa’an irraa muuxannoo fudhachuu eeruun, biyyoota hin milkoofneef immoo gadi fageenyaan qorachuun barnoota irraa argachuu dubbataniiru. Adeemsi qorannoo fi falmii kun hoggansa keessatti ofitti amanamummaa, muuxannoo fi beekumsa sadarkaa olaanaa akka uume eeruun, bu’aan yeroo ammaa mul’achaa jiru adeemsa kanaaf ragaa ta’uu ibsaniiru. Itti fayyadama qabeenya biyyaa iftoomina, itti gaafatamummaa fi haala madaalawaa ta’een hogganamuu akka qabu kan hubachiisan Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad, qabeenya biyyattii sirnaan hogganuuf itti fayyadamni teeknooloojii murteessaa dha jedhan.
Magaalaa Adaamaatti walakkaa waggaatti lammiilee kuma 64 ol ta’aniif carraan hojii Uumameera
Jan 16, 2026 46
Amajjii 8/2018 (ENA)- Magaalaa Adaamaatti walakkaa waggaatti lammiilee kuma 64 ol ta’aniif carraan hojii uumamuu Waajjirri Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa Magaalichaa ibse. Lammiilee waldaan gurmaa’anii gara hoiitti galaniif birrii biiliyoona 1 tuqaa 2 ol liqaa kennuun Intarpiraayizoota kuma 2 ol ta’an fayyadamoo taassisuu danda’uu ibsaniiru. Itti gaafatamaan Waajjirri Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa Magaalaa Adaamaa obbo Abdulqaadir Xayib ENAtti akka himanitti, magaalichatti rakkoo hojii dhabdummaa furuuf xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jira. Kanaanis walakkaa waggaatti lammiileen kuma 64 ta’an carraa hojii argachuusaanii ibsuun, gara hojiitti kan galan keessaa kuma 31 kan ta’an carraa hojii dhaabbataan qacaramuu kan isaaniif uumame ta’uu dubbataniiru. Kanneen hafan biroon waldaan gurmaa’uun hojiiwwan tajaajilaa, hojii sibiilaa, hojii mukaa, daldalaa, ijaarsaa,furdisa loonii, damee qonnaa fi kanneen biroorratti bobba’uusaanii ibsaniiru. Lammiilee Carraan hojii isaaniif uumame sheediiwwan horsiisa lukkuu fi sa’a aannaniif oolan kennamuufii ibsuun,damee Manuufaakcheringiirratti kan bobba’aniif maashiniin liiziin dhihaachuu himaniiru.   Dargaggoota Magaalichatti Carraan hojii isaaniif uumameefii keessaa Dargaggoo Boggaalaa Laggasaa akka ibsetti,haala mijataa Bulchiinsichi isaaniif uumeefiin fayyadamuun sadarkaa maatiitti waldaan gurmaa’uun hojiitti galaniiru.   Lafasaaniirratti maatiisaa hirmaachisuun waldaan gurmaa’uun waarshaa daakuu dhaabuun gara hojiitti galleerra kan jedhe dargaggoo Boggaalaan liqaa dabalatee birrii miiliyoona 35n waarshaa daakuu dhaabuun gara hojiitti galuuusaanii dubbateera.   Waarshichaattis lammiilee 25f carraan hojii uumamuusaa ibsaniiru. Bulchiinsi magaalicha liqaa birrii kennuu qofa osoo hin taanee, bu’uuraalee misoomaa ibsaa,bishaanii fi daandii isaaniif guutuu dubbateera.
Itiyoophiyaan biyya miidhagduu bakkeewwan hawataa ajaa'ibsiisaa ta'een eebbifamtedha
Jan 16, 2026 49
Amajjii 8/2018(ENA) – Itiyoophiyaan biyya miidhagduu, aadaa daneessaa, bakkeewwan hawata turizimii kan durii fi haaraan kan badhaatedha jedhan dawwattoonni biyyya alaa. Itiyoophiyaan hawata turizimii mimmiidhagoo kan seenaa, aadaa fi uumamaa qabdi jedhan Turistoonni ENAn dubbise. Turistoonni kunniin, bakkeewwan hawata turizimii ta’an kan seenaa, aadaa, hambaa fi uumamaa akkasumas bakkeewwan mimmiidhagoo haaraa daawwachuu isaanii ibsaniiru. Itiyoophiyaan haala qilleensaa fayyaaf mijataa ta’e kan adda addaa kan qabdu biyya miidhagduu ta’uu ishee ibsaniiru. Magaalaan Finfinnee magaalota kanaan dura addunyaa irraa daawwataan ture caalaa miidhagduu taatee natti mul’attee kan jedhan daawwataa Beeljiyeem irraa dhufan Teer Giilar kan jedhamani dha. Qulqullinni magaalichaa,haalli qilleensaa,magariisummaanii fi bakkeewwan daawwattootatti seenaa himan hedduu qabaachuun ishee akka isaan hawate himaniiru.   Muuziyeemii Biyyaalessaa fi Paarkii Inxooxxoo dabalatee bakkeewwan hawwata turizimii fi paarkiiwwan adda addaa daawwatanii, baay’ee akka itti gammadan himaniiru. Biyya Jarmanii irraa kan dhufan daawwataan gara biraa Luukaas Kuuppanhaagen gama isaaniin, Itiyoophiyaatti bakkeewwan turizimii daawwatan dabalataan, duudhaalee aadaa hedduu biyyattiin qabdu ajaa’ibsiifataniiru. Itiyoophiyaan seenaan, uumamaa fi bakkeewwan hawata turizimii namtolcheen kan kuulamte ta’uu hubadheera jedhan. Bakkeewwan duraan turan irra deebiin misoomsuu fi bakkeewwan hawata turizimii haaraa ta’an ijaaramuun akka daawwattoonni hedduummataniif haala mijataa uumeera jedhan itti aanaan pirezidaantii Dhaabbilee Waldaa Daawwachiiftota Taallaaquu Itiyoophiyaa Inquu Mulugeetaa.   Itiyoophiyaan aadaa hedduummina qabu qabaachuun ishee, seenaan ishee, bakkeewwan hawwata turizimii ta’an hedduun jiraachuun qooda fudhattoota damee kanarratti bobba’aniif carraa guddaa akka uumes eeraniiru. Deetaan Ministira Tuurizimii Silashii Girmaa gamasaaniin, pirojektoonni maaddii biyyaa guddina turizimii keessatti gumaacha olaanaa taasisuu bira darbee, bifa biyyattii kan jijjiiranii fi dhaabbilee dhuunfaaf karra kan banan bakkeewwan ajaa’ibsiisoodha jedhan.   Bakkeewwan hawata turizimii kunneen, baay’ina daawwattootaa dabaluu fi turtii yeroo isaanii dheeressuun galiin olaanaa, hawaasummaa fi faayidaan dippiloomaasummaa argamsiise guddaadha jedhan.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Naannoo Oromiyaatti tajaajilli giddugala iddoo tokkoo(Masoob) giddugalawwan  27tti tajaajila kennaa jira
Jan 15, 2026 64
Amajjii 7/2018(ENA)- Naannoo Oromiyaatti tajaajilli giddugala iddoo tokkoo(Masoob) giddugalawwan 27tti tajaajilaa kennaa jiraachuu Biiroon Koomunikeeshinii Naannichaa ibse. Mootummaan kenna tajaajila dhaabbileerratti komii hawaasarraa ka’aa ture hiikuuf hojiiwwan hedduu bu’aa qabeessa ta’an hojjechaa jiru keessaa Masoob tajaajila wiirtuu tokkoo keessatti argama. ‘Masoob’ Tajaajilli giddugala iddoo tokkoo Magaalaa Finfinneetti eegalame gara naannooleetti babal’atee tajaajilawwan lafaa, Galii fi kanneen biroon wiirtuu tokkotti kennama jiraachuun ni beekama. Hogganaan Biiroo Koomunikeeshinii Naannoo Oromiyaa Haayiluu Addunyaa turtii ENA waliin taassisaniin Naannichatti kenna tajaajiloota Mootummaa fooyyessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhaniiru. Naannichatti tajaajilli kun Magaalota Shaggar, Adaamaa,Bishooftuu Jimmaa fi Shaashamanneetti eegalee yeroo ammaa gara wiirtuuwwan 27tti babal’achuu himaniiru. Tajaajilichi gaaffiiwwan Bulchiinsa gaarii deebisuu fi hoj-maata badaa hanbisuu waliin wal qabatee gaaffii yeroo dheeraa hawaasni kaasuuf deebii ariifataa kennuuf gargaaraa jiraachuu ibsaniiru. Giduugalichi tajaajiloota hedduu foddaa tokkoon kennuu danda’uusaa qofa osoo hin ta’iin tajaajilamtoonni yeroo gabaabaa keessati dhimmasaanii akka raawwatan dandeessiseera jedhaniiru. Gara fuulduraatti sadarkaa Bulchiinsa Magaalaatti ‘Masoob’ tajaajila giddugala iddoo tokkoo jiran gara kutaa magaalaatti gad-buusuun xiyyeeffannoon akka hojjetamu dubbataniiru. Naannichatti hoggansi sadarkaa sadarkaan jiru rakkoolee kenna tajaajilaa waliin walqabatan hojiiwwan misoomaa biroo waliin xiyyeeffannoo wal qixa kennuun hojjecha jiraachuu hubachiisaniiru.
Hojiirra oolmaan tarsiimoo dijiitaalaa Itiyoophiyaa misooma damichaarratti sadarkaa idil-addunyaatti dorgomtuu kan taasisu ta’a
Jan 14, 2026 79
Amajjii 6/2018(ENA)- Hojiirra oolmaan tarsiimoo dijiitaalaa Itiyoophiyaa misooma damichaarratti sadarkaa idil-addunyaatti dorgomtuu kan taasisu ta’uu hayyoonni damichaa Yunivarsiitii Aarbaa Minci ibsan. Milkaa’ina Dijitaalaa Itiyoophiyaa bara 2025 keessatti argame akka fakkeenyaatti fudhachuun misooma damichaa milkaa’inaan xumuruuf karoorri tarsiimoo waggoota shan itti aanan ifoomuun isaa ni beekama. Karoorri Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa bara 2030 humna ibsaa fi tajaajila intarneetii bal’isuudhaan dandeettii ida’amuutiin milkeessuuf qophii gochuun hojiitti galameera. Dijitaalli Itiyoophiyaa 2030 qulqullinaa fi waliin gahinsa barnootaaf shoora olaanaa qaba. Addunyaa ammaayyaa keessatti karaa kamiinuu dorgomaa ta’uuf hundaa ol mootummaan misooma teekinooloojii dijitaalaa irratti xiyyeeffachuun hojjechaa jira. Hayyoonni damichaa Yunivarsiitii Aarbaa Minci ENA waliin turtii taasisaniin, hojiirra oolmaan tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa biyyattii addunyaa waliin akka dorgomtu ishee taasisa jedhan. Yunivarsiitichatti diinii Faakaltii Kompiitingii fi Sooftiweeri Injinariingii kan ta’an gargaaraa piroofeesaraa Geetaahuun Tigistuu, hojiirra oolmaan Dijitaalaa Itiyoophiyaa bara 2025 guddina damichaaf bu’uura gaarii kaa’uu yaadachiisaniiru.   Milkaa’ina kana bu’uura godhachuun Karoorri Tarsiimoo bara 2030 ifatti eegaluun Itiyoophiyaan tajaajila dijitaalaatiin akka addunyaatti dorgomtuu akka taatuuf ishee gargaara jedhan. Yunivarsiitichuma keessatti barsiisaa fi qorataan kompiitaraa, sooftiweerii fi Daarektara kutaa barnoota Dijitaalaa doktar Mahaammad Abbabaa akka jedhanitti, sirni dinagdee dhalootaan Itiyoophiyaa teeknooloojii deeggaruun dijitaalaayizeeshiniif haala mijataa uumeera.   Xiyyeeffannoo mootummaan damichaaf kenneen, lammiileen leenjii Itiyoo koodarsiidhaan beekumsa teeknooloojii ammayyaa akka horatanii fi sadarkaa idil-addunyaatti dorgomaa akka ta’aniif hojjechaa akka jiru eeruun, sirni dijitaalaa lammiileen waraqaa eenyummaa dijitaalaa argatanii hojimaanni isaanii akka mijatuuf haala mijataa uumeera jedhan. Tarsiimoon Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 Itiyoophiyaan damee kanarratti biyyoota guddatan waliin akka dorgomtu kan taasisuu fi wiirtuu teeknooloojii ta’uu akka dandeessu ishee taasisa jedhan. Keessumaa immoo humna ibsaa fi neetiwoorkii irratti xiyyeeffatamuun isaa lammiileen carraa walqixaa akka fayyadamaniif haal mijeessa jedhan. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 Mudde 11 bara 2018 ifatti eegalsiisuun isaanii kan yaadatamudha. Tarsiimoon kun galmoota qaqqabummaa babal’isuu, carraa walqixaa mijeessuu, dhaabbilee fi ummata gidduutti amantaa uumuu irratti kan xiyyeeffate ta’uu wayita sana ibsaniiru
Bayyanachuu fi badhaadhina biyyaa dhugoomsuuf Tarsiimoon Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 murteessaadha
Jan 13, 2026 84
Amajji 5/2018(ENA) - Bayyanachuu fi badhaadhina biyyaa dhugoomsuuf Tarsiimoon Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 murteessaa ta’uu hayyoonni damichaa ibsan. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa bara 2030 yeroo ifatti jalqabsiisan ibsa kennaniin, Dijitaalli Itiyoophiyaa odeeffannoo haqa qabeessa, amanamaa fi sirrii ta’e argachuuf akka gargaaru ibsuun isaanii ni yaadatama. Dhimma kana irratti ENAn itti aanaan pirezidaantii dhimma barnootaa Yunivarsiitii Asoosaa fi hayyuun damee kanaa doktar Malkaamuu Dheeressaa waliin turtii taasiseen, xiyyeeffannaan mootummaan misooma dijitaalaaf kenne haala qabatamaa addunyaa yeroo ammaa jiru hubannoo keessa galchuun ta’uu ibsan. Teeknooloojiin dijitaalaa dorgommii addunyaa waan ta’eef damee kanarratti xiyyeeffachuun ciminaan hojjechuu ala filannoon biraa hin jiru jedhan. Haaluma kanaan raawwiin waggoota shanan darbanii fi kallattii gara fuulduraatti fudhatamuun dorgomtummaa Itiyoophiyaa karaa hedduun akka guddisu dubbataniiru. Hojiirra oolmaan Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2025 guddina damichaaf bu’uura gaarii kan kaa’e ta’uu hubachiisuudhaan, tarsiimoon itti aanu bu’aa guddaa kan fidu ta’uu ibsaniiru. Gara fuula duraatti hubannoo namtolchee fi teeknooloojii adda addaa birootti fayyadamuu fi dorgomuun guddinaa fi misooma biyyaatiif hojjechuun hunda keenyarraa eeggama jedhaniiru. Sirna daldalaa dabalatee tajaajiloota biroo dijiitaala gochuun barbaachisaa ta’uu ibsuun, tajaajilawiirtuu tokkoo (Masoob) babal’isuu, eenyummeessaa biyyoolessaa (Faayidaa) lammiilee hundaaf dhaqqabamaa taasisuu fi daldala dijitaalaa cimsuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru. Milkaa’ina Dijitaala Itiyoophiyaa 2030 kan murteessu carraaqqii fi tumsa hunda ta’uu eeruun, keessumaa tajaajila elektirikaa Itiyoophiyaa fi intarneetii babal’isuun dhimmoota ijoo dha jedhan.
Ispoortii
Piriimar Liigii Ingilizitti Taphni Arsenaalii fi Riivarpuul gaggeessan hawwiin eegama
Jan 8, 2026 265
  Mudde30/2018(ENA)– Piriimar liigii Ingiliz sagantaa torban 21ffaan Arsenaalii fi Liivarpuul taphi har’a gaggeessan hawwiin ni eeggama. Taphni kilaboota lamaanii galgala sa’aatii 5:00 Istaadiyeemii Eemmiretisitti gaggeeffama. Arsenaal Dorgommii bara Kanaan taphoota20 gaggeesseen yeroo15 yoo injifatu 2n injifatamee 3n qixaan adda baheera. Arsenaaltaphichaan galchii40 yoolakkoofsisu galchii14 keessummeessee, qabxii 48n sadarkaa 1ffaa qabateera. Morkataansaa Liivarpuul liigichatti tapha20gaggeesseen yeroo10 yoo injifatu yeroo6 mo’ameera afuriin qabxii dhabeera. Taphichaan galchii 32 yoo lakkoofsisu galchii 28 keessummeesseera. Injifataan ligichaa Liivarpuul qabxii 34n sadarkaa 4ffaa qabateera. Arsenaalii fi Liivarpuul Dorgommiiwwan hundaan hanga ammaatti yeroo245n walitti dhufaniiru. Liivarpuul yeroo 96 mo’uun dursummaasaa yoo qabatu Arsenaal gamasaan yeroo 83 yoo injifatu yeroo 66 qixaan adda baheera. Piriimar liigichatti yeroo 67 walitti dhufanii liivarpuul yeroo 26 yoo injifatu Arsenaal yeroo 18 injifateera. Taphoota hafan 23n Qixaan adda bahaniiru. Taphasaanii waliinii 5n darbaniin lamaan isaanii haala walfakkaatuun yeroo tokko yoo injifatan taphoota hafan 3n qixaan adda bahaniiru. Gareewwan lamaanSagantaa liigichaa bara Kanaan tapha marsaa jalqabaa gaggeessaniin Liivarpuul 1fi 0n injifachuunsaa ni yaadatama. Arsenaal yoo injifate hordofaasaa Maanchistar Siitii waliin garaagarummaa qabxii qabu gara 8 ol guddisa. Taphicha Antoonii Teeyiler Tapha gareewwan lamaanii Hawwiin eegamu Abbaaseerummaan gaggeessu.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Misoomni kunuunsa naannoon hojjetaman dhaloota fayyaa qabeessa horachuuf faayidaa olaanaa qabu
Jan 16, 2026 26
Amajjii 8/2018(ENA) – Itiyoophiyaatti hojiiwwan kunuunsa naannoo fi misooma magariisaan hojjetaman dhaloota fayyaa qabeessa horachuu keessatti faayidaa olaanaa akka qaban ogeessonni fayyaa dhaabbilee fayyaa idil-addunyaa keessa hojjetan ibsan.   Sirni hundeeffama Waldaa Daa'immanii Heemaatooloojii fi Onkooloojii Itiyoophiyaa magaalaa Finfinneetti gaggeeffameera. Sirna kana irratti ogeessonni fayyaa ENAtti akka himanitti Itiyoophiyaatti misoomni kunuunsa naannoo fi misoomni magariisaa fayyaa namaa eeguuf, sochii ispoortii fi hariiroo hawaasaaf faayidaan isaan qaban olaanaa jedhan.   Awustiraaliyaatti ogeessa fayyaa kan ta’an doktar Biroonwin Maakinaamaaraa magaalaa Finfinneetti qulqullina naannoon,bakkeewwan magariisaa fi paarkota babal’isuun hojiin hojjetame magaalittiin kan duraarraa adda ta’uu ibsan. Keemikaalonnii fi pilaastikoonni rakkoo fayyaa geessisuu waan danda’aniif, faalama hambisuuf tattaaffiin adeemsifamaa jiru kan ajaa’ibsiifamu ta’uu himan. Hojiiwwan kunuunsa naannoo taasifame eegumsa fayyaaf faayidaa olaanaa qabu jedhan Yunivarsiitii Toroontootti piroofeesara kan ta’an Shiilaa Wayitzimaan.   Magariisnii fi naannoon qulqulluu eegumsa fayyaaf wantoota gargaaruu danda’an keessaa tokko ta’uu eeruun, dhibee dursanii ittisuun brabaachisaadha jedhan.   Daarektarri Piyuur Eerzi (Pure Earth) Baha Afrikaa Fireewu Kaffaaloo gama isaaniin waggoota hedduudhaaf kunuunsaa fi eegumsa qulqullina naannoo irratti dargaggoota hirmaachisuun hojjechaa jiraachuu himan.
Godinichatti lafa heektaara kuma 273 caalu irratti hojiin eegumsa biyyoo fi bishaanii gaggeeffamuu eegaleera
Jan 15, 2026 55
Amajjii 7/2018(ENA)- Godina Shawaa Lixaatti lafa heektaara kuma 273 caalu irratti hojiin eegumsa biyyoo fi bishaanii gaggeeffamuu eegaluusaa bulchaan godinichaa ibse. Hojiin eegumsa biyyoo fi Bishaanii sadarkaa godinaatti gaggeeffamu aanaa Amboo ganda Ilaamuu Goromtiitti ifatti eegalameera. Itti aanaa bulchaan godina Shawaa Lixaa obbo Abbabaa Camadaa wayita sana akka jedhanitti, hojiileen eegumsa biyyoo fi bishaanii waggoottan darban raawwataman lafti deebi’ee akka gabbatu godheera. Bona kanas hojii kana itti fufsiisuudhaan duula eegumsa biyyoo fi bishaanii qindaa’aa baatii lamaaf turu kutaalee hawaasaa garagaraa hirmaachisuun lafa heektaara kuma 273 caalurratti hojiin eegumsa biyyoo fi bishaanii akka raawwatu dubbataniiru. Hojii bifa duulaan gaggeeffamu Kanaan jiraattonni godinichaa kuma 600 caalan ni hirmaatu jedhamee akka eegamus himaniiru. Itti aanaan hoogganaa waajjira qonnaa godina Shawaa Lixaa obbo Abdiisaa Hayiluu gamasaaniin, hojii eegumsa biyyoo fi bishaanii bu’a qabeessa gochuuf ogeeyyota qonnaa sadarkaan jiran, qonnaan bultootaa fi kutaalee hawaasaa biroof leenjiin kennamuu dubbataniiru. Bulchaan aanaa Amboo obbo Masarat Guddisaa akka jedhanitti, hojiilee eegumsa qabeenya uumamaa yeroo darbe aanichatti gaggeeffameen bakkeewwan misoomaan ala turan deebi’anii misoomaa jiru. Hawaasnis faayidaasaa waan hubateef misooma sululaarratti hirmaachaa jiraachuu eeranii, aanichatti lafa km kuma 2 fi 700 ol hojiileen daagaa, lubbu qabeeyyii ni raawwatama jedheera. Qonnaan bultoonni aanaa Amboo ganda Ilaamuu Goromtii hojiin misooma sululaa hojiirra osoo hin ooliin dura lafti qonnaa isaanii biyyoon gabbataan lolaan waan haxaa’ameef oomishtummaansanii hir’achuusaa eeraniiru. Rakkoo kana furuufis hojii eegumsa biyyoo fi bishaanii qindaa’aarratti hirmaachuusaanii ibsaniiru. Hojiileen eegumsa biyyoo fi bishaanii waggoottan darban misooma sululaan raawwataman dhiqama biyyoo oolcheera jedhan. Kunis oomishni midhaanii akka dabalu gochuusaa dubbataniiru.
Misooma Sululaa Qindaa’aa fi eegumsa Qabeenya umamaa galmoota Misoomaa fi guddinaa milkeessuuf gargaaraa jira
Jan 13, 2026 96
Amajjii 5/2018(ENA)-Nannoo Oromiyaatti hojiin misooma sululaa qindaa’aa fi eegumsa Qabeenya uumamaa hojjetamaa jiru galmoota misoomaa fi guddinaa milkeessuuf gargaaraa jiraachuu Biiroon Qonna Naannichaa ibse. Naannoo Oromiyaatti bara kana hojii misoomaa suluulaa baatiiwwan lamaan itti aananitti hojjetaman sadarkaa Naannootti Godina Buunnoo Beddelleetti Aanaa Dabboo Haannaatti eegalameera.   Sagantaa jalqabiisaararatti kan argaman Hogganaan Biiroo Qonna Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu hojiin misoomaa sululaa bara kanaa suluulawwan kuma 6 fi 300 irratti hojjetama jedhaniiru. Hojii misooma sululaa Qindaa’aa bara darbe hojjetameen uwwisni bosona naannichaa dabaluurratti akka argamu kaasaniiru. Hojiin misooma sululaa milkaa’ina inisheetivoota gama Qonnaan bocamanii hojetamaa jiraniif qooda olaanaa qabaachuusaa dubbataniiru. Walii gala hojiin misooma sululaa Qindaa’aan fi eegumsa qabeenyaa nannichatti hojjetamaa jiran galma misoomaa fi guddinaa milkeessuuf qooda olaanaa qaba jedhaniiru.   Bara kana naannicha bakkeewwan hundatti hojiin misooma sululaa Qindaa’aan hirmaannaa hawaasaa cimaan deeggaramee kan hojjetamu ta’uu dubbataniiru. Bulchaan Godina Buunnoo Beddellee Obbo Amaan Danuu gamasaaniin, hojiin eegumsa Bishaanii fi biyyee Godinichatti eegalame suluulawwan 222 irraatti kan raawwatamu ta’uu ibsaniiru.   Godinichatti sababa jijjiirama haala Qilleensaa fi Asiidummaa biyyeen omishtummaa hir’atu ittisuuf hojiiwwan misooma sululaan hojjetaman cimanii akka itti fufan dubbataniiru. Lafti Hojiin misooma sululaa yeroo bonaa irratti hojjetamu yeroo gannaa sagantaa Ashaaraa Magariisaan biqiltuuwwan adda addaa dhaabuun haaldureen hojii kan hojjetamu ta’uu kaasaniiru. Kanaafis biqiltuuwwan tajaajila adda addaa kennan miiliyoona 200 ol ta’an Godinichatti hojjetamaa jiraachuu eeraniiru. Hojii misooma sululaan qonnaan bultoonni miidhaa Qabeenya bishaanii fi Biyyeerra gahu ittisuun fayyadamummaasaanii kan mirkaneessuu waan ta’eef hirmaannasaanii bara kanaa kan cimsan ta’uu dubbataniiru.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 16504
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 1732
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan.   Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru.   Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru.   Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.  
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015