ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Naannoo Oromiyaatti Qonna Gannaatiin hanga ammaatti lafti heektara miiliyoona 4 tuqaa 4 ol sanyiin facaafameera
Jun 24, 2026 95
Waxabajjii 17/2018 ( ENA)- Naannoo Oromiyaatti Qonna Gannaatiin hanga ammaatti lafti heektara miiliyoona 4 tuqaa 4 ol sanyiidhaan facaafamuu Biiroon Qonnaa Naannichaa beeksise. Daarektarri Komunikeeshinii Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Indaashaaw Jamaanee ENA’f akka ibsanitti; naannichatti Qonna gannaan lafa heektara miiliyoona 11 tuqaa1 kilaastaraan misoomsuun, callaa kuntaala miiliyoona 380 ol argachuuf karoorfamee hojjetamaa jira. Sochii hanga ammaatti naannichatti taasifameen, lafti heektara miiliyoona 9 tuqaa1 ol qotamee facaasaaf qophaa'uu isaa dubbataniiru. Qonna waktii gannaa bara kanaan naannichatti bakka hundatti gosootni midhaan dheedhii adda addaa facaafamaa akka jiru ibsaniiru. Lafta qotamee sanyiidhaaf qophaa'e keessaa hanga ammaatti heektarri miiliyoona 4 tuqaa 4 midhaan adda addaa facaafamuu isaas dubbataniiru. Lafa qonna gannaa qophaa'e keessaa hanga ammaatti miiliyoona 3 tuqaa 5 ol kan ta'u tiraaktaraan qotamuu isaa eeraniiru. Naannichatti qonna gannaaf xaa'oo kuntaala miiliyoona 14 ol dhiyeessuuf karoorfamee, hanga ammaatti xaa'oon biyyee kuntaala miiliyoona 8 tuqaa 7 ol waldaalee hojii gamtaa fi Yuuniyenoota qaqqabuu isaa ibsaniiru. Xaa'oo biyyee waldaalee fi yuuniyonoota qaqqabe keessaas kuntaalli miiliyoona 4 tuqaa 6 ol qonnaan bultootaaf raabsamuu isaa kaasaniiru. Akkasumas omishaa fi oomishtummaa guddisuuf kan gargaaru, sanyiiwwan filatamaan adda addaas qonnaan bultootaaf dhiyaachuu isaa dabalanii ibsaniiru. Yeroo ammaa kana naannichatti haalli roobaa gaarii waan ta'eef, qonnaan bulaan haala mijataa kana sirriitti fayyadamuun tattaaffii jabaa taasisaa jiraachuu hubachiisaniiru. Naannichatti qonna Gannaan callaa karoorfame argachuudhaaf, gaggeessitoonni sadarkaa sadarkaan jiranii fi ogeeyyiin qonnaan bultootaaf deeggarsaa fi hordoffii gochaa akka jiranis dubbataniiru.
Filannoon walii galaa ga’umsa keessummeessuu, gaggeessuu fi to’achuu dhaabbatichaa qabatamaan kan agarsiisedha
Jun 24, 2026 83
Waxabajjii 17/2018 (ENA)- Filannoon walii galaa torbaffaan ga’umsa keessummeessuu, gaggeessuu fi to’achuu boordii filannoo biyyaalessaa qabatamaan kan agarsiise ta’uu hayyoonni ibsan. Adeemsi filannichaa karaa qaroomeen dorgommiin yaadaa kan ittiin mul’atee fi ijaarsa sirna demokiraasii Itiyoophiyaaf bu’ura gaarii kan buusedha jedhaniiru. Filannoon walii galaa waggaa shan-shaniin gaggeeffamu, ummanni abbaa aangoo ta’uusaa fi ijaarsa sirna demokiraasii mirkaneessuuf kan gaggeeffamu taatee biyyaalessaa isa guddaadha. Paartiin badhaadhinaa filannoo walii galaa torbaffaadhaan teessoo mana maree caalmaa argachuun mo’ateera. Paartileen siyaasaa morkattootaas paartii badhaadhinaa dorgommicha mo’ateef hawwii gaarii ibsanii, filannichi bilchinni siyaasaa akkasumas ummanni abbaa aangoo birmaduu ta’uusaa qabatamaan mirkaneessuusaa ibsaniiru. Yunivarsiitii Jimmaatti barsiisaan kutaa barnoota bulchiinsaa Dr. Fiqaaduu Tolasaa ENA’f akka ibsanitti, filannoon walii galaa torbaffaan seenaa biyya keenyaa keessatti filattoonni hedduun kan itti hirmaatan, dorgommiin siyaasaa bilisaa fi haqa qabeessi kan itti taasifame filannoo seena qabeessa ta’uusaa dubbataniiru. Boordiin filannoo biyyaalessaa Itiyoophiyaas filannichi akka milkaa’u baay’ee kan hojjetee fi ga’umsaan gaggeessuusaa taajjabdoonnillee dhugaa ba’aniiruuf jedhaniiru. Akka walii galaatti qophiirraa eegalee filannoon dura, yeroo filannoo fi filannoon booda akkaataan boordiin filannoo biyyaalessaa Itiyoophiyaa ittiin gaggeesse kan raajeffatamu ta’uu kaasaniiru. Filannoon walii galaa 7ffaan paartileen siyaasaa 42 kan itti dorgomanii fi filattoonni miiliyoona 54 caalan kan galmaa’an dirreen demokiraasii bal’atee kan itti mul’ate ta’uun ibsameera.
Naannichatti Sektara Tuuriizimii caalaatti guddisuuf bal'inaan hojjetamaa jiru
Jun 24, 2026 124
Waxabajjii 17/2018 (ENA):- Naannoo Harariitti sekaera tuuriizimii caalaatti guddisuuf hojiiwwan investimentii fi misoomaa bal'inaan hojjetamaa jiraachuu Pirezidantiin Naannichaa Ordiin Badrii dubbatan. Pirezidantiin Naannichaa Ordiin Badrii, ijaarsota invastimentii garaagaraa Magaalaa Harar keessatti ijaaramaa jiran irra deemanii daawwataniiru. Naannoon Hararii keessattuu dallaan seenaa ijaarame dallaa Jagol yeroo dhihoo as addunyaarratti erga galmeeffamee kaasee, Itiyoophiyaa keessatti bakkeewwan Turiizimii Aadaa fi seenaa eeraman keessaa tokkodha. Magaalittiin hambaa seenaa Islaamummaa addaa qabdu, manneen aadaa Hararii, aadaa waraabessa sooruu akkasumas aadaa waliin jireenyaa fi muuziqaa ummataa waggaa waggaan daawwattoota biyya keessaa fi alaaf baay'ee hawata. Mootummaan naannichaas waggoottan dhihoo asitti hojiiwwan rifoormii fi misoomaa baay'ee hojjetaa kan jiru yoo ta'u, keessattuu sektara tuuriizimii deeggarsa invastimentii abbootii qabeenyaa dhuunfaatiin guddisuuf xiyyeeffannoo kennee hojjetaa jira. Pirezidantichi wayita sana akka jedhanitti, mootummaan naannichaa abbootii qabeenyaa filannoowwan invastimantii irratti hojjetaniif onnachiiftuu barbaachisaa gochuu fi haala mijeessuu isaa ibsaniiru. Naannichatti damee invastimantiitiif haala mijeessuuf carraaqqii taasifameen jijjiiramni quubsaan galmeeffamuu Pirezidantichi ibsaniiru. Yeroo ammaa kanatti pirojeektonni invastimantii abbootii qabeenyaa dhuunfaatiin magaalattii keessatti ijaaramaa jiran sadarkaa jajjabeessaa irra akka jiran ibsuun; hojiiwwan ijaarsaa yeroo karoorfameef keessatti hojjetamaa jiraachuu eeraniiru. Pirojeektonni misoomaa kunniin dandeettii Tuuriizimii naannichaa guddisuu fi lammiileef carraa hojii bal'aa uumuuf faayidaa guddaa akka qaban eeraniiru. Abbootii qabeenyaa filannoowwan invastimantii irratti bobba'anii raawwii jajjabeessaa agarsiisaa jiraniif, mootummaan naannichaa deeggarsa gam-hedduu taasisu cimsee akka itti fufu Pirezidantichi mirkaneessaniiru. Abbootiin qabeenyaas hojii ijaarsaa jalqaban ariitii fi qulqullinaansaanii xumuruun tajaajilaaf qopheessu akka qaban Pirezidantichi hubachiisaniiru. Daawwannaa Pirezidantichi taasisan kanaan miseensonni boordii invastimantii naannichaa fi hoggantoonni biroos argamuun isaanii beekameera.
Afriikaa nagaa qabeettii fi badhaate ijaaruuf Itiyoophiyaa fi Burundiin waliin dhaabbatu – Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Jun 24, 2026 193
Waxabajjii 17/2018 (ENA): Afriikaa nagaa qabeettii fi badhaate ijaaruuf Itiyoophiyaa fi Burundiin waliin dhaabbatu jedhan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Pireezidaantii Burundii Ivaristee Nidaayishimiyee maqa biyya isaanii fi Gamtaa Afriikaatiin ergaa baga gammaddanii dabarsuun isaanii miira jajjabina guddaa kan namatti horudha jedhan. Itiyoophiyaa fi Burundiin hariiroo obbolummaa gadi fagoo fi waadaa waloon Afriikaa badhaateefi ijaarsa nageenyaaf waliin dhaabbatu jedhaniiru. Michummaa biyyoota lamaaniitiif gatii guddaa akka kennan kan ibsan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad, Itiyoophiyaan tumsa fayyadamummaa ummatoota fi Afriikaa mirkaneessu kana daran cimsuuf qophii ta’uu eeraniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Emiiriin Kuwaataar Sheek Tamiim Biin Haamad Al-Taanii Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadii fi Paartii Badhaadhinaatiif ergaa baga gammaddanii dabarsan
Jun 24, 2026 165
Waxabajjii 17/2018 (ENA) - Eemiiriin kuwaataar Sheek Tamiim Biin Haamad Al-Taanii, Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadii fi Paartii Badhaadhinaaf filannoo waliigalaa 7ffaa injifachuusaanii baga gammaddan jechuun ergaa dabarsaniiru. Eemiiriin kuwaataar, injifannoo Paartiin Badhaadhinaa filannoo waliigalaa kanaan galmeessise hordofuun Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiif ergaa gammachuu isanii ibsu erganiiru. Eemiirichi Ministira muummeetiif milkaa'ina kan hawwan yoo ta'u, hariiroon biyyoota lamaan gidduu jiru caalaatti akka guddatuu fi akka cimu fedhii jabaa qabanis ibsaniiru.
Siyaasa

Itiyoophiyaan Maaleezhiyaa waliin tumsa dameelee hedduu cimsuuf fedhii qabdi - Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Jun 24, 2026 124
Waxabajjii 17/2018 (ENA): Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad Itiyoophiyaan tumsa dameelee hedduu Maaleezhiyaa waliin qabdu daran guddisuuf fedhii guddaa akka qabdu ibsaniiru. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ergaa Ministira Muummee Maaleezhiyaa Anwaar Ibraahimiif erganiin, Maaleezhiyaan michuu ijoo mul’ata gamtaa Kibba Addunyaa fi wal kabajuu kan qooddattu ta’uu ibsaniiru. Mnistirri Muummee Dooktar Abiyyi Ahimad daawwannaa waliinii hoggantoota lamaan gidduutti taasifamaa ture yaadachuun, daawwannaa kana irratti wal-hubannoo gadi fagoo gidduu isaaniitti ijaaruu danda’uu uumamuu ibsaniiru. Itti dabaluunis Itiyoophiyaan tumsa dameelee hedduu biyyoonni lamaan waliin ta’uun jalqaban daran guddisuuf fedhii guddaa akka qabdu ibsaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Itiyoophiyaan tumsa tarsiimawaa Hindi waliin qabdu caalaatti cimsuu barbaaddi-Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Jun 24, 2026 158
Waxabajjii 17/2018 (ENA)- Itiyoophiyaan tumsa tarsiimawaa Hindi waliin qabdu caalaatti cimsuu akka barbaaddu Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsan. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ministira muummee Hindi Narendiraa Moodiif ergaa dabarsaniin, Moodiin bakka bu’ummaan ummataa seena qabeessi argatan demokiraasii addunyaa keesnyaa isa guddicha kan taate Hindi cimina demokiraasii fulla’aa qabdu kan agarsiisudha jedhaniiru. Ministirri muummee Abiyyi gita isaanii Hindii michuu amanamaa fi obboleessa koo angafa jechuun kan ibsan yoo ta’u, hariiroon biyyoota lamaan jidduu jirus seenaa, tumsaa fi hawwii waloo ummatasaaniif qaban irratti kan hundaa’e walitti hidhamiinsa cimaa ta’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaa fi Hindi tumsa tarsiimawaa qaban caalaatti cimsuu fi imala waloo eegalan waliin itti fufuuf Itiyoophiyaan fedhii akka qabdu ministirri muummee ibsaniiru.
Sirna dimokiraasii Itiyoophiyaa milkeessuuf hojiiwwan gurguddoon hojjetamaa turaniiru
Jun 24, 2026 271
Waxabajjii 17/2018 (ENA): Sirna dimokiraasii Itiyoophiyaa milkeessuu fi haaromsa(riifoormii) dhaabbilee mirkaneessuuf hojiiwwan bu’a qabeessa ta’an hedduun raawwatamuu ibsani Dura taa’aan Koree Dhaabbii Dhimmoota Dimokiraasii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa obbo Iwunatee Allanaa. Keessattuu, filannoo waliigalaa torbaffaan Caamsaa 24, 2018 gaggeeffame milkaa’inaan xumuramuun isaa, ijaarsa sirna dimokiraasii kana kan agarsiisu ta’uu eeraniiru. Waggoota shanan darban keessatti dhaabbilee bilisaa fi walaba ta’anii fi bu’uura dimokiraasii ta’an ijaaruuf hojiiwwan bu’a qabeessa ta’an hojjetamaa turaniiru jedhani. Milkaa’ina kana galmaan ga’uuf haaromsi seeraa hundee qabu, jijjiiramni gurmaa’insaa fi hojiiwwan ijaarsa dandeettii dhaabbileen walabummaa guutuudhaan akka socho’an kan taasise bal’inaan hojiirra ooleera jedhan. Akka Dura Taa’aan Koree Dhaabbii Dhimma Dimokiraasii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa obbo Iwunatee Allanaa himanitti; manni marichaa waggoota shanan darban keessatti sirna dimokiraasii biyyattii cimsuuf gahee tarsiimoo taphateera jedhan. Seerota jijjiirama kanaan dura turan, kanneen mirga namoomaa fi dimokraatawaa lammiilee sarban fooyyessuuf hojiin bal’aan hojjetamuu hubachiisuun, kunis fayyadamummaa hunda galeessa ummataa guddisuuf bu’uura kaa’eera jedhani. Dura taa’aan Koree Dhaabbii, dhaabbileen dimokiraasii hojiiwwan haaromsa hundee qabu akka hojjetan carraan kennameefii jiraachuu eeruun; fooyya’iinsi seeraa, jijjiiramni jaarmiyaa, fi tattaaffiin dijitaalaayizeeshinii hojii isaaniif haala mijataa uumuun bal’inaan hojiirra ooluu isaanii ibsaniiru. Hundeeffama Komishiniin Marii Biyyaalessaa aadaa siyaasaa Itiyoophiyaa irratti jijjiirama bu’uuraa kan fidu ta’uu hubachiisaniiru. Adeemsi kun hirmaannaa lammiilee ijaarsa biyyaa keessatti akka dabaluu fi waldhabdeen mariidhaan akka hiikaman kan taasisu ta’uu eeraniiru. Itti aanaan dura taa’aa koree dhaabbii seeraa fi haqaa mana maree bakka bu’oota ummataa obbo Isaa Boruu waggoottan shanan darban hojiileen dimokiraasii mul’isan kanaan dura hin argamne mul’ateera jedhan. Manni marichaa gaaffiin ummataa akka deebi’uuf qaamolee dhimmi ilaallatu sadarkaa sadarkaan jiran waliin qindoominaan hojii hojjete irratti jijjiirama jajjabeessaa galmeessee jiraachuu ibsaniiru. Filannoon waliigalaa torbaffaan milkaa’inaan xumurame guddina sirna dimokiraasii Itiyoophiyaa kan agarsiise ta’uu ibsaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Paartii Badhaadhinaa waliin taanee hojii misoomaa fi ijaarsa mootummaa jalqabne cimsinee itti fufna - Mana Maree Waloo
Jun 24, 2026 236
Waxabajjii 17/2018 (ENA): Manni Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Naannoo Hararii Paartii Badhaadhinaa, kan filannoo injifatee mootummaa ijaaru waliin hojii misoomaa fi ijaarsa naannoo eegalame akka itti fufu beeksise. Turtii ENA waliin taasisaniin, Dura teessuun Mana Maree Waloo paartiilee siyaasaa naannoo Hararii Aadde Hasanat Muummee akka jedhanitti, bu’aa Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa baaseen, Paartiin Badhaadhinaa filannoo waliigalaa 7ffaa irratti teessoo paarlaamaa harka caaluun injifateera. Dura teessuun kun Paartii Badhaadhinaa ummataan filatamee injifate, akkasumas paartilee siyaasaa filannoo kana irratti hirmaataniifi bakka bu’ummaa Mana Maree Waliiniitiin teessoo mana maree injifataniif ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru. Itti dabaluudhaan adeemsa filannoo olaantummaa ummataa mirkaneesse, sagalee ummataa kenname, injifannoo ummataa galmaa’e ni kabajna jedhan. Aadde Hasanat Manni Maree Waloo kanaan dura pirojektoota nagaa fi misoomaa, sirna dimokiraasii ijaaruu, haaromsaa fi pirojektoota biroo irratti mootummaa waliin hojjechuu isaa yaadachiisaniiru. Itti dabaluunis Manni Maree Waloo hojii kallattii hedduu qabu kan Paartii Badhaadhinaa waliin jalqabame, kan filannoo irratti sagalee caalmaa argatee mootummaa ijaaree biyya bulchaa jiru waliin akka caalmaatti hojjechuun akka itti fufu ibsaniiru. Paartiin Badhaadhinaa pirojektoota misoomaa fi faayidaa ummataa hedduu biyyattii keessatti raawwachuu isaa eeraniiru. Itti dabaluunis miseensonni beekumsaa fi dandeettii biyyaaf fayyadu qabaniifi adeemsa filannootti carraa hin arganne akka hammataman gaafataniiru. Dhaabbileen siyaasaa Manni Maree Waloo meeshaaleen cimsuu fi gahumsa miseensota isaa ijaaruu keessatti hojiin deeggarsaa akka cimu dhaamsa dabarsaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Pirezidanti Taayyee Atsqasillaasee Xalayaa Muudama Ambaasaddaroota Biyyoota 11 Simatan
Jun 23, 2026 1834
Waxabajjii 16/2018 (ENA)፦Pirezidantiin FDRI Taayyee Atsqasillaasee, xalayaa muudama ambaasaddaroota biyyota 11 haaraa muudamanii har'a Masaraa Mootummaa Biyyaalessaatti simataniiru. Ambaasaddaroonni kunniinis yeroo hojii isaanii Itiyoophiyaa keessatti, tumsa gam-dannee fi hariiroo uummataa fi uummata gidduu jiru gara sadarkaa caalutti guddisuuf kutannoon akka hojjetan mirkaneessaniiru. Ambaasaddaroota xalayaa muudama isaanii dhiyeessan,Ambaasaddara Sa'ud Arabiyaa, Abdallaah Biin Hasan Al-Zaahiraanii, Ambaasaddara aangoo guutuu Rippabiliika Koongoo, Ambaasaddar Andiree Pooh, Ambaasaddara aangoo guutuu Poortugaal, Joorji Peereeraa Doo Naasiimeentoo, Ambaasaddara Naayijeeriyaa, NaasiirAmiinoo, Ambaasaddara aangoo guutuu Sirilaankaa,Niirmaalaa Induumaatii Diyaas Paaraanaaviitaanaa, fiAmbaasaddara Malaawwii, Kiwaawulii Masiiskaa warreen xalayaa muudamaasaanii dhiheeffatanidha. Dabalataanis,Ambaasaddara Gaanaa, Maakaariyoos Akaanbiyaanaab Akaanboong,Ambaasaddara aangoo guutuu Uraagaay, Maariyoo Anjeel Siilvaa Kaasitroo, Ambaasaddara aangoo guutuu Siloovaakiyaa, Raasitislaav Kiriizyaan, Ambaasaddara aangoo guutuu Maadaagaasikaar, Ogasti Riichard Paareenaa, akkasumas Ambaasaddara Rippabiliika Uzbeekistaan, Ashraaf Xoojayeev xalayaa muudama isaanii piriizidantichaaf dhiyessaniiru. Dubbii himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaddar Nabiyat Geetaachoo ibsa kennaniin, Pirezidanti Taayyee Atsqasillaasee ambaasaddaroota kanaan waliin turtii taasisaniin, Itiyoophiyaan biyyoota kana waliin hariiroo seenaa fi dippilomaasii qabdu caalaatti cimsuu dandeessu irratti mari'achuu isaanii ibsaniiru. Ambaasaddaroonnis yeroo Itiyoophiyaa keessa turanitti, hariiroo gam-dannee fi qunnamtii uummataa fi uummata biyyoota isaanii gidduu jiru gara sadarkaa ol'aanaatti guddisuuf kutannoon akka hojjetan mirkaneessuu isaanii eeraniiru. Keessattuu, filannoon biyyaalesaa Itiyoophiyaa 7ffaan milkiidhaan xumurame Afriikaaf fakkeenya ta'uu isaa ibsuun, ergaa baga gammaddanii dabarsuu isaanii ibsaniiru.

Hawaasummaa
Yunivarsiitiin Jimmaa balaa Tiraafikaa hir'isuuf hojii qooda fudhattoota waliin jalqabe ni cimsa
Jun 23, 2026 1012
Waxabajjii 16/2018 (ENA) -Yunivarsiitiin Jimmaa waggoottan kurnan darban keessatti saaxilamummaa balaa tiraafikaa hir'isuuf qooda fudhattoota waliin hojii jalqabe akka cimsu beeksise. Yunivarsiitichi waltajjii marii qooda fudhattootaa balaa kana ittisuurratti xiyyeeffate gaggeesseera. Itti-aantuun Pirezidantii Qorannoo fi Walta'iinsa Yunivarsiitii Jimmaa Piroofeesar Muluummabeet Abarraa akka jedhanitti; balaa tiraafikaa yaaddessaa ta'e kana hir'isuuf Yunivarsiitichi qooda fudhattoota adda addaa waliin ta'uun gahee isaa ba'achaa jira jedhaniiru. Kanaanis, Ministeera Geejjibaa fi Lojistiksii, dhaabbilee federaalaa fi naannoo waliin ta'uun hojii hojjetamaa jiruun jijjiiramni abdachiisaan argamaa jiraachuu eeraniiru. Waggoottan darban keessatti Godina Jimmaa akkasumas magaalota fi godinoota naannichaa biroo keessatti saaxilamummaa balaa kanaa hir'isuuf hojiileen qorannoo fi hubannoo uumuu bal'aan hojjetamuu kan ibsan piroofeesarittiin, kunis hawaasa biratti dammaqinsa guddisuuf gumaacha guddaa gochuu isaa dabalanii ibsaniiru. Daarektarri gidduu gala Qorannoo Nageenya Daandii fi Geejjibaa Yunivarsiitii Jimmaa Dr. Geetaachoo Xilaahuun gama isaaniitiin, babal’achuu bu'uraalee misooma daandii fi hubannoo hawaasaa guddisuun balaa kana hir'isuuf qooda guddaa akka qabu ibsaniiru. Giddu-galichi waggaa kana qofa keessatti miseensota hawaasaa fi qooda fudhattoota kuma 2 fi 600 ol ta'aniif leenjii hubannoo uumuu kennuu isaas caqasaniiru. Balaa tiraafikaatiin lubbuun nama tokkoo darbuun dhiibbaa hawaasummaa fi dinagdee guddaa kan geessisu waan ta'eef, balaa kana ittisuun itti-gaafatamummaa waloo qaama hundaa ta'uu qaba jedhaniiru. Hogganaan Kutaa Tiraafikaa Qajeelcha Poolisii Magaalaa Jimmaa Inispeektarri Olaanaa Nagaash Xilaahuun; magaalichaa fi naannawa isheetti balaawwan mul'atan hir'isuuf hojiileen to'annoo jabaan hojjetamaa jiraachuu beksisaniiru. Bu'uuraaleen misooma daandii babal'achuu isaanii fi dhimmichi akka hawaasatti xiyyeeffannoo akka argatu gochuu isaatiin balaan tiraafikaa gadi-bu'uu kan eeran hogganaan kun keessattuu misooma kooridariitiin daandiiwwan babal'achuu fi suphaan daandiiwwan gurguddoo taasifamuun isaa balaa hir'isuuf gumaacha guddaa gochuu isaa dubbataniiru. Bu'aan kun gahaa waan hin taaneef , yaaddoo balaa tiraafikaa caalaatti hir'isuuf hojiin to'annoo cimee akka itti fufu mirkaneessaniiru.
Yuunivarsitichi hojii qorannoo rakkoo qonnaan bultootaa furu cimsuu qaba
Jun 23, 2026 352
Waxabajjii 16/2018 (ENA): Yuunivarsiitiin Arsii hojii qorannoo rakkoo qonnaan bultootaa furu irratti xiyyeeffachuun hojjechaa jiru cimsuu akka qabu walitti qabduun Boordii Daayirektaroota Yunivarsiitii Arsii fi De’eetaan Ministeera Qonnaa Dr. Soofiyaa Kaasaa ibsani. Yuunivarsitichi barattoota damee ogummaa adda addaatiin leenjise 1,355 ol guyyaa har'aa eebbiseera. Kanuma waliin walitti qabduun Boordii Daayirektaroota Yuunivarsiitii Arsii fi De’eetaan Ministeera Qonnaa Dr. Soofiyaa Kaasaa akka ibsanitti; Eebbifamtoonni Itiyoophiyaa badhaate boruu dhugoomsuuf tattaaffii taasifamu keessatti ashaaraa isaanii kaa'uu qabu jedhani. Eebbifamtoonni kunneen yeroo Itiyoophiyaan gara ijaarsa diinagdee dijitaalaa tarkaanfachaa jirtutti yeroo eebbifaman hojiin guddaa akka esaan eeggatu himaniiru. Adeemsa jireenya lammiilee jijjiiruu keessatti eebbifamtoonni gahee isaanii bahuu akka qaban ibsuun, Yuunivarsitichi qorannoo rakkoo qonnaan bulaa furu irratti xiyyeeffachuun hojii isaa akka itti fufus qajeelfama kennaniiru. Hojii qorannoo bu’a qabeessa ta’ee fi fayyaa dabalatee tajaajila hawaasummaa keessatti hojjetamaa jiruu fi cehumsa teeknooloojii dijitaalaa irratti xiyyeeffachuu qaba jedhan. Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Arsii Dr. Fiqaaduu Mitikkuu gamasaaniitiin, yuunivarsitichi qulqullina barnootaa mirkaneessuuf ciminaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Qorannoo rakkoo furuu bu’a qabeessa ta’e qonna, fayyaa, injinariingii fi teeknooloojii irratti gaggeessuun hawaasa fayyadamoo taasisaa jira jedhan. Barattoonni hojii uumtota akka ta’aniif leenjiin hojii kennamaafii kan ture ta’uu himaniiru. Yunivarsiitichi tajaajila hawaasaa babal’isuuf hojii hojjetaa jiruun hospitaala da’umsaa fi daa’immanii ijaaree hojiitti galchuu isaa ibsaniiru. Itti dabaluunis Hospitaala Riferaalaa Asallaa dabalatee tajaajila waraqaa malee argachuun bu’aa jajjabeessaa galmeessisuu dabalanii himaniru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Tajaajilli tola ooltummaa rakkoo hawaasummaa fi dinagdee lammiilee salphisaa jira - Pireesidaanti Ordiin Badrii
Jun 22, 2026 1125
Waxabajjii 15/2018 (ENA): Tajaajilli tola ooltummaa rakkoo hawaasummaa fi dinagdee lammiilee salphisaa jiraachuu piresidaantiin naannoo Hararii obbo Ordiin Badrii beeksisaniiru. Piresidaanti Ordiin Badrii sagantaa tajaajila tola ooltummaa Ganna bara kanaa eegalchiisaniiru. Piresidaanti Ordiin saganticha kan eegalchiisan kutaalee hawaasaa rakkoof saaxilamoo ta’aniif ijaarsa mana jireenyaa eegaluunidha. Wayita sana akka jedhanitti, hunduu hojiiwwan tajaajila tola ooltummaa gaggeeffamaa turan gargaaraa fi deeggarsa taasisuun, rakkoo hawaasummaa fi diinagdee lammiilee salphisaniiru. Hojii tajaajila tola ooltummaa Ganna bara kanaa irratti paartii fi mootummaan waliin ta’uun lammiilee rakkoof saaxilamoo ta’aniif mana jireenyaa ni ijaaru jedhaniiru. Manneen kunneen yeroo gabaabaa keessatti saffisaa fi gahumsaan ijaaramanii fayyadamtootaaf dabarfamuu akka danda’an himaniiru. Hunduu humnaa fi qabeenya qabu hundaan sochii tajaajila tola ooltummaa Ganna naannicha keessatti gaggeeffamu irratti hirmaachuudhaan gahee lammummaa isaa gumaachuun akka irraa eegamu dubbataniiru. Hojiin tajaajila tola ooltummaa kaka’umsa mataa ofiitiin gaggeeffamu gara fuula duraatti cimee akka itti fufu piresidaanti Ordiin ibsaniiru. Hoggantuun Biiroo Dhimma Dubartoota, Daa’immanii fi Dargaggoota Naannichaa Aadde Ramziyaa Abdulwaahib gama isaaniitiin; Tajaajila tola ooltummaa waggaa waggaan naannichatti gaggeeffamu irratti lakkoofsi dargaggoota hirmaatan dabalaa dhufeera jedhani. Tajaajila tola ooltummaa bara kanaa fi hojiiwwan misoomaa hawaasa fayyadamoo taasisan keessatti tajaajilawwan xiyyeeffannoo 14 adda baasuun, kanarrattis tola ooltonni kuma 47 akka hirmaatan hubachiisaniiru. Sagantichaan hojiiwwan misoomaa birrii miiliyoona 200tti tilmaamamu hojjachuuf karoorri qabamee hojiitti galamuusaa akeekaniiru. Sirna jalqabsiisa kana irratti Itti Aantuu piresidaantii naannichaa aadde Roozaa Umar, Af-yaa’iin Mana Maree Naannichaa Sulxaan Abdusalaam fi Hogganaan Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Hararii Geetuu Wayyeessaa akkasumas hoggantoonni naannichaa biroo argamaniiru. #TOI #ENA Afaan Oromoo
Misoomni qarqara lagaa fi kooriidaraa saaxilamummaa lolaa hir’isuudhaan gumaacha olaanaa gochaa jira
Jun 22, 2026 904
Waxabajjii 15/2018 (ENA)- Misoomni qarqara lagaa fi kooriidaraa saaxilamummaa lolaa hir’isuudhaan gumaacha olaanaa gochaa jiraachuu komishiniin hoggansa yaaddooo ibiddaa fi soda balaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee ibse. Hojiileen qarqara lagaa fi kooriidaraa Finfinneetti ijaaraman miidhaginaa fi ammayyummaa magaalattii guddisuudhaan Finfinneen turizimiif bakka filatamtu akka taatu gochaa jiru. Misoomni kooriidaraa fi qarqara lagaa jiraattota qarqara lagaarra yaaddoo guddaan jiraachaa turan baraaruu danda’eera. Pirojektoonni qindoominaan hijjetaman kunneen yaaddoo lolaa yeroo gannaa mudachaa ture furuudhaan yaaddoo malee akka jiraatan godheera. Itti aanaan komishinaraa hoggansa yaaddoo ibiddaa fi soda balaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee Dassaalanyi Gonfaa ENA’f akka ibsanitti, lolaa fi balaa yeroo gannaa mudatuittisuuf hojiiwwan haal duree hojjetamaa jiru. Komishinichi qooda fudhattoota magaalattii garagaraa waliin ta’uun ujummoowwan dhangala’aan keessa darbuu fi bo’oon lolaan keessa darbu balfaan akka hin duuchamne xiyyeeffannoodhaan qulqulleeffamaa akka jiru eeraniiru. Dabalataanis hirmaannaan ummataa murteessaa waan ta’eef jiraattonni lagaa fi ujummoo keessatti balfa akka hin ganne hojiin hubannoo bal’aan hojjetamaa jiraachuu eeraniiru. Bakkeewwan lolaaf saaxilaman adda baasuudhaan qama dhimmi ilaalu waliin ta’uun balaa gahuu danda’u salphsuuf xiyyeeffannoon hojjetanaa akka jiru itti aanaan komishinarichaa ibsaniiru. Hojiileen misooma qarqara lagaa fi kooriidaraa rakkoolee ujummoowwan bishaan keessa darbuu furuudhaan yaaddoo lolaa yeroo gannaa mudachuu danda’u hir’isuudhaan gumaacha olaanaa gochaa jira jedhaniiru. Kun ammoo jiraattota magaalichaaf aara galfii akka kenne dubbataniiru.
Diinagdee
Naannoo Oromiyaatti Qonna Gannaatiin hanga ammaatti lafti heektara miiliyoona 4 tuqaa 4 ol sanyiin facaafameera
Jun 24, 2026 95
Waxabajjii 17/2018 ( ENA)- Naannoo Oromiyaatti Qonna Gannaatiin hanga ammaatti lafti heektara miiliyoona 4 tuqaa 4 ol sanyiidhaan facaafamuu Biiroon Qonnaa Naannichaa beeksise. Daarektarri Komunikeeshinii Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Indaashaaw Jamaanee ENA’f akka ibsanitti; naannichatti Qonna gannaan lafa heektara miiliyoona 11 tuqaa1 kilaastaraan misoomsuun, callaa kuntaala miiliyoona 380 ol argachuuf karoorfamee hojjetamaa jira. Sochii hanga ammaatti naannichatti taasifameen, lafti heektara miiliyoona 9 tuqaa1 ol qotamee facaasaaf qophaa'uu isaa dubbataniiru. Qonna waktii gannaa bara kanaan naannichatti bakka hundatti gosootni midhaan dheedhii adda addaa facaafamaa akka jiru ibsaniiru. Lafta qotamee sanyiidhaaf qophaa'e keessaa hanga ammaatti heektarri miiliyoona 4 tuqaa 4 midhaan adda addaa facaafamuu isaas dubbataniiru. Lafa qonna gannaa qophaa'e keessaa hanga ammaatti miiliyoona 3 tuqaa 5 ol kan ta'u tiraaktaraan qotamuu isaa eeraniiru. Naannichatti qonna gannaaf xaa'oo kuntaala miiliyoona 14 ol dhiyeessuuf karoorfamee, hanga ammaatti xaa'oon biyyee kuntaala miiliyoona 8 tuqaa 7 ol waldaalee hojii gamtaa fi Yuuniyenoota qaqqabuu isaa ibsaniiru. Xaa'oo biyyee waldaalee fi yuuniyonoota qaqqabe keessaas kuntaalli miiliyoona 4 tuqaa 6 ol qonnaan bultootaaf raabsamuu isaa kaasaniiru. Akkasumas omishaa fi oomishtummaa guddisuuf kan gargaaru, sanyiiwwan filatamaan adda addaas qonnaan bultootaaf dhiyaachuu isaa dabalanii ibsaniiru. Yeroo ammaa kana naannichatti haalli roobaa gaarii waan ta'eef, qonnaan bulaan haala mijataa kana sirriitti fayyadamuun tattaaffii jabaa taasisaa jiraachuu hubachiisaniiru. Naannichatti qonna Gannaan callaa karoorfame argachuudhaaf, gaggeessitoonni sadarkaa sadarkaan jiranii fi ogeeyyiin qonnaan bultootaaf deeggarsaa fi hordoffii gochaa akka jiranis dubbataniiru.
Naannichatti Sektara Tuuriizimii caalaatti guddisuuf bal'inaan hojjetamaa jiru
Jun 24, 2026 124
Waxabajjii 17/2018 (ENA):- Naannoo Harariitti sekaera tuuriizimii caalaatti guddisuuf hojiiwwan investimentii fi misoomaa bal'inaan hojjetamaa jiraachuu Pirezidantiin Naannichaa Ordiin Badrii dubbatan. Pirezidantiin Naannichaa Ordiin Badrii, ijaarsota invastimentii garaagaraa Magaalaa Harar keessatti ijaaramaa jiran irra deemanii daawwataniiru. Naannoon Hararii keessattuu dallaan seenaa ijaarame dallaa Jagol yeroo dhihoo as addunyaarratti erga galmeeffamee kaasee, Itiyoophiyaa keessatti bakkeewwan Turiizimii Aadaa fi seenaa eeraman keessaa tokkodha. Magaalittiin hambaa seenaa Islaamummaa addaa qabdu, manneen aadaa Hararii, aadaa waraabessa sooruu akkasumas aadaa waliin jireenyaa fi muuziqaa ummataa waggaa waggaan daawwattoota biyya keessaa fi alaaf baay'ee hawata. Mootummaan naannichaas waggoottan dhihoo asitti hojiiwwan rifoormii fi misoomaa baay'ee hojjetaa kan jiru yoo ta'u, keessattuu sektara tuuriizimii deeggarsa invastimentii abbootii qabeenyaa dhuunfaatiin guddisuuf xiyyeeffannoo kennee hojjetaa jira. Pirezidantichi wayita sana akka jedhanitti, mootummaan naannichaa abbootii qabeenyaa filannoowwan invastimantii irratti hojjetaniif onnachiiftuu barbaachisaa gochuu fi haala mijeessuu isaa ibsaniiru. Naannichatti damee invastimantiitiif haala mijeessuuf carraaqqii taasifameen jijjiiramni quubsaan galmeeffamuu Pirezidantichi ibsaniiru. Yeroo ammaa kanatti pirojeektonni invastimantii abbootii qabeenyaa dhuunfaatiin magaalattii keessatti ijaaramaa jiran sadarkaa jajjabeessaa irra akka jiran ibsuun; hojiiwwan ijaarsaa yeroo karoorfameef keessatti hojjetamaa jiraachuu eeraniiru. Pirojeektonni misoomaa kunniin dandeettii Tuuriizimii naannichaa guddisuu fi lammiileef carraa hojii bal'aa uumuuf faayidaa guddaa akka qaban eeraniiru. Abbootii qabeenyaa filannoowwan invastimantii irratti bobba'anii raawwii jajjabeessaa agarsiisaa jiraniif, mootummaan naannichaa deeggarsa gam-hedduu taasisu cimsee akka itti fufu Pirezidantichi mirkaneessaniiru. Abbootiin qabeenyaas hojii ijaarsaa jalqaban ariitii fi qulqullinaansaanii xumuruun tajaajilaaf qopheessu akka qaban Pirezidantichi hubachiisaniiru. Daawwannaa Pirezidantichi taasisan kanaan miseensonni boordii invastimantii naannichaa fi hoggantoonni biroos argamuun isaanii beekameera.
Itiyoophiyaan boqonnaa misooma magaalaa haaraa badhaadhina walii galaa mirkaneessu keessa galteetti
Jun 24, 2026 90
Waxabajjii 17/2018 (ENA)- Itiyoophiyaan boqonnaa misooma magaalaa haaraa badhaadhina walii galaa mirkaneessu keessa galuushee ministeera maallaqaatti gorsituun olaanaa Tigisti Fissahaa ibsan. Yaa’iin “Itiyoophiyaan ni raawwattii” ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad bakka argamanitti mata duree “Jijjiiramarraa gara cehumsa fulla’aatti” jedhuun Finfinnee golambaa Saayinsiitti gaggeeffameera. Ministeera maallaqaatti gorsituun olaanaa Tigisti Fissahaa akka ibsanitti, Itiyoophiyaan boqonnaa misooma magaalaa haaraa keessa galteetti. Xiyyeeffannoonsaas magaalota babal’isuu qofa osoo hin ta’iin oomishtummaasaanii guddisuu akkasumas mijataa,dorgomaa, hunda kan hammatuu fi ammayyeessuudha jedhaniiru. Itti dabaluunis, magaalonni carraa hojii uumuu fi badhaadhina waloof motora itti aanu akka ta’an gochuuf akka karoorfames ibsaniiru. Sadarkaa idil addunyaatti magaalonni galii biyya keessaarraa irra caalaa akka maddisiisan ibsaniiru. Dinagdee qonnaan durfamurraa gara dinagdee damee heddumminaatti, dinagdee mootummaan durfamurraa gara dinagdee gabaan durfamuutti cehumsa caasaa gochuudhaan jijjiiramoonni hedduun akka galmaa’an godhamuu eeraniiru. Bu’ura dinagdee cimaa, bu’ura misoomaa si’ataa, humna nama leenji’ee fi dirree invastimantii mijataa magaalaa bu’a qabeessa tokoo uumuun isaan ijoo ta’uu ibsanii, hojiin kun hojjetamaa jira jedhaniiru. Misooma kooriidaraa magaalaa Finfinneetti ijaaraman dabalatee paarkiiwwan garagaraa, misooma qarqara lagaa fi ijaarsa bu’uraalee misoomaa akka agarsiiftuutti eeraniiru. Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob bulchiinsa gaarii mirkaneessuuf jalqabame babal’achuunsaa bu’aa onnachiisaa galmeessaa akka jiru ibsaniiru. Carraa hojii uumuun wal qabatee paarkiin industirii Galaan Guraa namoota hedduuf carraa hojii uumaa akka jiru ibsaniiru. Oomishtoota biyya keessaaf deeggarsoota onnachiiftuu garagaraa gochuun oomisha bakka bu’aarratti xiyyeeffatanii akka hojjetan gochuun sharafa biyya alaa olaanaa hambisuun akka danda’ame kaasaniiru. Boqonnaan misoomaa haaraan cehumsa magaalaa fi baadiyyaa cimaa uumuu ta’uu eeranii, kunis badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuuf bu’ura ni ta’a jedhaniiru. Hojiilee misoomaa hunda galeessa hojjetamaniin bu’aaleen badhaadhina Itiyoophiyaa mirkaneessuu danda’an galmaa’aa akka jiran gorsituun kun dabalanii ibsaniiru. Akkasumas hojiileen misoomaa hunda fayyadamaa gochuuf karaa danda’amuun cimanii itti fufuu dubbataniiru.
Mootummaan Qulqullina, Nageenyasa fi fulla’insa konistiraakshinii Sadarkaa Olaanaan mirkaneessuuf xiyyeeffateera
Jun 24, 2026 79
Waxabajjii 17/2018 (ENA)- Mootummaan qulqullina, nageenyaa fi fulla’insa sekaera konistirakshinii sadarkaa olaanaan mirkaneessuuf xiyyeeffatee hojjachaa akka jiru De’eetaan Ministira Magaalaa fi Bu'uraalee Misoomaa Dr. Yeetimgeetaa Asiraat ibsan. Abbaan Taayitaa Konistirakshinii Itoophiyaa koodotaa fi Istaandardoota ijaarsaa haaraa ragga'an hojiirra oolchuuf kan gargaaru waltajjii biyyaalessaa gaggeessaa jira. Waltajjii kana irratti Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataatti Walitti Qabaan Koree Dhaabbataa Dhimmoota Magaala fi bu’uuraalee Misoomaa fi Geejjibaa Piroofeesar Mahaammad Abdoo, hoggantoonni olaanoon federaalaa fi naannolee, hoggantoonni Yunivarsiitii fi dhaabbattoota qorannoo, qorattoonni, gorsitootni, akkasumas bakka bu'oonni waldaalee ogummaa argamaniiru. De’eetaa Ministira Magaala fi Bu'ura Misooma Dr. Yeetimgeetaa Asiraat wayita sana akka ibsanitti; mootummaan qulqullina, nageenyaa fi fulla’insa sektara konistirakshinii sadarkaa olaanaan mirkaneessuuf, akkasumas riifoormii fi tiraansfoormeeshinii konistiraakshinii guutuu fiduuf xiyyeeffatee hojjechaa jira. Gama biraatiin, ijaarsi misooma bu'uraalee motora guddina biyyaa ta'anillee, misooma bu'uraalee qulqullinaa fi nageenyaan ijaaruun humna dinagdee akka ta'an gochuun barbaachisaadha jedhaniiru. Nageenyi ijaarsaa saayinsii fi sirna Istaandardoota maandisaa irratti hundaa'anii hojjachuun bu'aa argamudha jedhan. Koodonnii fi Istaandardoonni haaraan muuxannoo Maandisa addunyaalessaa fi bu'aalee qorannoo irratti kan hundaa'an ta'uu kaasaniiru. Akkasumas, haala qilleensaa, amala ji'oolojiifi fedhii misoomaa kan xiyyeeffannoo keessa galchan waan ta'aniif, haala qabatamaa biyyattii waliin haala waltahuun akka qophaa'an ibsaniiru. De’eetaan Ministeerichaa yeroo ammaa rakkoolee sektericha keessatti mul'atan furuuf hojiiwwan riifoormii hedduun hojjatamaa akka jiran eeraniiru. Sirna seeraafi to'annoo ammayyeessuu, hojimaata dijitaalaayizii gochuu, hojiiwwan ijaarsa dandeettii cimsuu, akkasumas iftoominaafi itti gaafatamummaa mirkaneessuu irratti xiyyeeffannoo addaa kennamee hojjatamaa jiraachuu beeksisaniiru. Gama biraatiin, Daarektarri Olaanaan Abbaa Taayitaa Konstrakshinii Dr. Masfin Nagawwoo; koodonnii fi Istaandardoonni sektara konistirakshinii keessatti hojimaata tokkoo fi sadarkaa isaa eeggate kan uuman ta'uu ibsaniiru. Hojiirra oolmaa isaaniitiif tumsiifi qindoominni qaamolee hundaa murteessaa ta'uu eeraniiru.
Saayinsii fi teeknooloojii
Itiyoophiyaan guddina dinagdee dijitaalaaf bu’uura cimaa ijaaraa jirti
Jun 24, 2026 188
Waxabajjii 17/2018 (ENA):Itiyoophiyaan guddina bu’uuraalee misoomaa, gahumsa dhaabbilee fi ogummaa dijitaalaatiin dinagdee dijitaalaaf bu’uura cimaa ijaaraa jirti jedhan gorsituu dijitaalaa Waajjira Ministira Muummee Miiriyaam Sa’iid. Mnistirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad bakka argamanitti yaa’iin ‘Itiyoophiyaan ni raawwatti’jedhu mata duree “jijjiirama irraa gara cehumsa itti fufinsa qabutti jedhu gaggeeffameera. Waajjira Ministira Muummeetti Gorsituu Dijitaalaa Miiriyaam Sa’iid; Itiyoophiyaan sirnoota kanaan dura gargar ciccitaa turan caasaa diinagdee walitti makame keessatti karaa eenyummaa dijitaalaa, kaffaltii fi waljijjiirraa daataa walitti makuun haala dandeessistuu hubannoo namtolchee (AI) ijaaraa akka jirtu himaniiru. Tajaajila mootummaa walitti hidhuu fi gahumsa lammiilee waliin guddisaa akka jiru ibsaniiru. Guddinni dinagdee dandeettii oomishaa, al-ergii fi invastimantii irratti kan hundaa’e ta’uu ibsuun, kana gara guddina fooyya’aatti jijjiiruuf sirna dijitaalaa cimsuun sirrii ta’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaan jijjiirama diinagdee bal’aa ta’een sochii diinagdee biyyattii albuudaa, qonna, magaalotaa fi bu’uuraalee misoomaa irratti haala mijeessuuf tooftaalee dijitaalaa hojiirra oolchaa jirti jedhan. Xiyyeeffannaan bu’uuraalee misoomaa tajaajila dijitaalaa saffisiisan sirna kaffaltii dinagdee keessatti bu’a qabeessa taasisuu, galmee, daldalaa fi hojiiwwan biroof haala mijeessaa jiraachuus hubachiisaniiru. Riifoormii dijitaalaa kana gara oomishtummaatti jijjiiruuf Itiyoophiyaan rakkoolee faayinaansii fi hanqina dandeettii ogummaa guddina damichaa gufachiisaa jiran furuu akka qabdu ibsaniiru. Humna hojjetaa gahumsa qabu kan teeknooloojii fayyadamuu danda’u oomishuuf hojiiwwan qulqullina barnootaa fooyyessanis hojiirra oolchaa jirti jedhan. Itti dabaluudhaanis, Inishiyeetiiviin Koodaroota Miiliyoona Shan lammiilee hedduu humneessuuf bal’inaan hojiirra oolaa jira jedhan. Itiyoophiyaan hubannoo namtolchee misoomsuu fi hojiirra oolchuuf dandeettii dhaabbilee, humna namaa fi teeknooloojii irratti xiyyeeffattee hojjechaa akka jirtus hubachiisaniiru. Itti dabaluudhaanis, Yuunivarsiitiin Namtolchee Yuunivarsiitii sadarkaa addunyaatti adda ta’ee, sirna leenjii fi qorannoo hojii waliin walqabsiisu ta’ee kan qophaa’e ta’uu ibsaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Itiyoophiyaan hubannoo nam-tolcheef bu’ura dinagdee mijataa ta’e kaa’aa jirti
Jun 23, 2026 523
Waxabajjii 16/2018 (ENA)- Itiyoophiyaan hubannoo nam-tolcheef bu’ura dinagdee mijataa ta’e kaa’aa akka jirtu waajjira ministira muummeetti gorsituun dijitaalaa Miiriyaam Se’iid ibsan. Yaa’iin “Itiyoophiyaan ni raawwatti” jedhu mata duree jijjiiramarraa gara cehumsa fulla’aatti” jedhu bakka ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad argamanitti gaggeeffamaa jira. Waajjira ministiira muummeetti gorsituun dijitaalaa Miiriiyaam Se’iid Itiyoophiyaan Kanaan dura hojmaattota bittinnaa’aa turan eenyummaa dijitaalaatiin, kaffaltii fi waljijjiirraa daataatiin caasaalee dinagdee qindaa’aa keessatti galchuun hubannoo nam-tolcheef bu’ura dinagdee mijataa kaa’aa akka jirtu dubbataniiru. Biyyattiin tajaajila mootummaa walitti fiduun akkasumas dandeettii man-dhalee waloomaan guddisuu irratti akka argamtu ibsaniiru. Itiyoophiyaan riifoormii dijitaalaa kana gara oomishtummaatti jijjiiraa akka jirtu gorsituun kun ibsaniiru.
Mul’anni Itiyoophiyaa fakkeenya badhaadhinaa Afriikaa gochuuf kaa’ame gama hundaan milkaa’aa jira
Jun 20, 2026 2340
Waxabajjii 13/2018 (ENA)- Mul’anni Itiyoophiyaa fakkeenya badhaadhinaa Afriikaa gochuuf kaa’ame gama hundaan milkaa’aa jiraachuu ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsan. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad egzibiishinii bu’aalee riifoormii fooyyessa siviil sarviisii agarsiisu kan mata duree ‘dijitaalli ga’oomaaf’ jedhuun golambaa Saayinsiitti qophaa’e eebbisanii bananiiru. Egzibiishinii har’arraa eegalee guyyoota walitti fufan afuriif tururratti konkolaattota federaalaa socho’uun tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob gaazii fi elektiriikiin hojjetan eebbisanii hojii eegalchiisaniiru. Kana malees dhaabbilee kudha lama tajaajila isaanii wajjin waltajjii tokkorratti kan walitti fidu appilikeeshinii tajaajila dijitaalaa qindaa’aa ifatti eebbisanii hojii eegalchiisaniiru. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad yeroo kanatti ergaa dabarsaniin, mootummaan Itiyoophiyaa tajaajiloota dhaabbilee ammayyeessuuf hojii guddaa hojjechuusaa eeraniiru. Hojiileen riifoormii milkaa’oon tajaajiloota mootummaa ammayyeessuuf taasifaman Itiyoophiyaaf madda boonsaa ta’uudhaan invastimantii teeknooloojiin gaggeeffamuu fi kaayyoo irratti xiyyeeffate akka argamsiisan kan mirkaneessu ta’uu ibsaniiru. Dhaabbata mootummaa isa ijoo kan ta’e siviil sarviisiin jijjiiramee fi ammayyoomee arguun gammachuu namatti hora kan jedhan ministirri muummee, tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoobis bu’ura misoomaa dinagdee isa ijoodha jedhan. Hundaa ol milkaa’inni kun hawwii egeree Itiyoophiyaa ይqofa osoo hin taane, haqa harkaa fi dandeettii keenyaan kan ijaarru ta’uusaanii ifatti kan agarsiisu raga guddaa ta’uu ibsaniiru. Teeknooloojiin qonna Itiyoophiyaa, industirii, albuuda, turizimi fi tajaajilaa fi oomishtummaa industirii baankii ammayyeessuudhaan qooda olaanaa bahachaa akka jiru dubbataniiru. Milkaa’ina Itiyoophiyaa caalaatti cimsuun, muuxannoo obboloota keenya Afriikaatiif qooduun, akkasumas kana irra caalaatti bu’aa guddaa galmeessisuuf kutannoon gara fuulduraatti deemuun akka barbaachisu dhaamaniiru. Fooyya’iinsi tajaajila dhaabbilee mootummaa wiirtuu tokkoo Masoob irraa gara socho’aatti, itti fufuunis gara aplikeeshinii mobaayilaatti ce’umsa si’ataa taasise saffisa dinqisiisaan kan deeggarame ta’uu ibsaniiru. Sadarkaa Afriikaatti akka Masoob tajaajilli hundis sirna qindaa’aan kan itti kennamu akka hin jirre kan dubbatan Ministirri muummee, Itiyoophiyaanis waggaa tokko keessatti tokko jedhanii kan eegalani tajaajilli Masoob amma 70 irra gahuu isaa dubbataniiru. Itiyoophiyaan biyyoota muuxannoo irraa fudhatte waggoota kudhan keessatti torbaatama akka hin geenye eeruun, dhaqqabamummaan tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob Itiyoophiyaas saffisa dinqisiisaan babal’achaa jiraachuu isaa dubbataniiru. Aplikeeshiniin tajaajila dijitaalaa qindaa’aan kun Afriikaatti gama hundaan aplikeeshinii tajaajila qindaa’aa isa jalqabaati, jedhaniiru. Masoob wiirtuu tokkoon tajaajila argachuun dinqisiisaa ta’ee utuu jiruu, lammiileen bilbila harka isaaniitiin dhimma isaanii bakka jiranitti fi yeroo kamittuu tajaajilamuu kan isaan dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Yuunivarsiitiin Artiifishaal Intalajansii dhimmoota baay’eedhaan Itiyoophiyaa Afriikaatti fakkeenya kan ishee taasisu ta’uun isaa eeranii, badhaadhina mirkaneessuuf caalaatti tajjajila, hojii fi carraaqqii guddaa akka gaafatus eeraniiru. Itiyoophiyaa fi Itiyoophiyaanonni kan itti boonaan akka ta’an, ijoollee isheetiif biyya hiyyummaa hin dhaalchisne ijaaruun akka barbaachisu eeraniiru. Itiyoophiyaa fakkeenya badhaadhina Afriikaa taasisuuf mul’anni jiru gama hundaan milkaa’aa jiraachuu isaas ibsaniiru.
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad appilikeeshinii tajaajila dijitaalaa qindaa’aa Afriikaatti kan jalqabaa ta’e eebbisan
Jun 20, 2026 1314
Waxabajjii 13/2018 (ENA)- Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad appilikeeshinii tajaajila dijitaalaa qindaa’aa Afriikaatti kan jalqabaa ta’e eebbisaniiru. Ministirri muummee appilkeeshinii kana yaa’ii mata duree “ga'ooma dijitaalaa” jedhuun qophaa’erratti argamuun eebbisuusaanii ibsaniiru. Appilikeeshiniin kun tajaajiloota dhaabbilee garagaraa keessatti kennaman waltajjii tokkorratti kan walitti fidu akka ta’e dubbataniiru. Milkaa’inni guddaan kun biyya keenya guddaa kan boonsu ta’uun olitti teeknooloojiin kan gaggeeffamuu fi invastimantiin kaayyoon gaggeeffamu maal akka buusuu danda’u kan mirkaneessudha jedhaniiru. Bu’ura misoomaa dinagdee isa ijoo kan ta’e tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob, yeroo ni qusata, ulaa malaammaltummaa akka duuchu ibsanii, gama mootummaatiin amanamummaa fi cimina akka gabbisu dubbataniiru. Hundaa ol mul’anni Itiyoophiyaa fedhii as dhihoo osoo hin taane , dhugaa harkaa fi dandeettii keenyaan ijaarru ta’uusaanii ifatti kan agarsiisu ragaa qabatamaa akka ta’e dubbataniiru. Milkaa’ina kana akka cimsinu, muuxannoo keenya obbolootaa fi obboleeyyii keenya Afriikaanotaaf akka qoodnu, akkasumas bu’aa kana caalu galmeessuuf kutannoon akka tarkaanfannun dhaama jedhan ministirri muummee.
Ispoortii
Atileetota lafaa dhufeeyyii filachuu fi hordofuuf sirna dijitaalaatti fayyadamuun xiyeeffannoon kennameera
Jun 17, 2026 2967
Waxabajjii 10/2018 (ENA): Federeeshiniin Atileetiksii Itiyoophiyaa sirna dijitaalaa haaraa ataileetota lafaa dhufeeyyii filachuu fi hordoffiif tajaajilu dhaabbataadhaan hiiku hojiirra oolchuuf hojjechaa jiraachuu beeksise. Akkasumas, teeknooloojiin dijitaalaa dhimmoota umurii wajjin walqabatan furuu keessatti gahee olaanaa akka qabu agarsiiseera. Itiyoophiyaan biyya atileetota gootota taate, injifannoo ijoolleen ishee galmeessisaniin maqaa ishee beekamtii fi alaabaa ishee dirree addunyaa irratti ol kaasaa jirti. Haa ta'u malee yeroo dhiyoo asitti bu'aan eegamu gama atileetiksiitiin galmaa'uu dhabuun isaa ni himama. Milkaa’ina atileetiksii idil-addunyaa Itiyoophiyaa eegsisuuf jecha atileetota itti aanan oomishuun dhimma xiyyeeffannoo argachuu qabu ta’uun isaa ifaadha. Hojii gaggeessaan olaanaa Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaa Dr. Amansiisaa Kabbadaa ENA waliin turtii taasisaniin akka himanitti, milkaa’ina itti fufiinsa qabu damichaa mirkaneessuuf atileetota dargaggoota irratti xiyyeeffachuun hojii hin hafnee fi murteessaa ta’uu ibsaniiru. Kanaaf Federeeshiniin Atileetiksii atileetota itti aanan bu’a qabeessa ta’anii fi biyyaaf ulfina fidan oomishuuf tooftaalee adda addaa qopheessaa fi hojiirra oolchaa akka jiru akeekaniiru. Federeeshinichi pirojektoonni akka biyyaatti hordofu sirna madaallii wal irraa hin cinne akka hordofan hojii jalqabuu isaa, akkasumas bu’a qabeessummaan pirojektootaa guddifamee atileetota dargaggoota oomishuuf akka ta’e hubachiisaniiru. Sirni haaraan kun rakkoolee adeemsi madaallii gaarii hin taanee fi pirojektoota keessatti deeggarsa maallaqaa yeroodhaan argachuu dhabuun mul’atu fureera jechuun hubachiisaniiru. Pirojektoota keessatti atileetota dargaggootaa itti dhiyeenyaan hordofuu fi atileetota gahumsa qaban oomishuuf sirni dijitaalaa hojiirra oolaa jiraachuu akeekaniiru. Sirni dijitaalaa kun keessumaa gufuulee umuriin walqabatan sirreessuun atileetiin tokko umurii isaaf malu irraa akka hirmaatu kan taasisu ta’uu ibsaniiru. Sirni dijitaalaa kun guutumaan guututti hojirra yommuu oolu dargaggoota atileetota gahumsa qaban akka dorgomanii fi biyya bakka bu’an jajjabeessuu keessatti ga’ee ol’aanaa qaba jedhaniiru. #TOI #ENA Afaan Oromoo #
Waancaa Addunyaa irratti biyyi Afriikaa Kootdivuwaar Milkoofteetti
Jun 15, 2026 2370
Waxabajjii 8 /2018 (ENA): Sagantaa lammaffaa ramaddii shanaffaa Waancaa Addunyaa FIFA 23ffaa irratti Kootdivowar Ikuwaadooriin 1 fi 0'n mo’atteetti. Tapha halkan walakkaa Istadiyeemii Fiilaadelfiyaatti taasifameen, taphataan jijjiiramee seene Amaadii Diyaaloo daqiiqaa 90ffaa irratti goolii injifannoo lakkoofsiseera. Biyyi Afriikaa Kootdivowar tapha kanaan carraawwan goolii argamsiisan fooyya'oo ta'an uumtee turte. Ikuwaadoor dambalii kubbaa harka qabaachuu irratti caalmaa haa qabaattu malee, yaalii goolii kallattii isaa eege tokko qofa qofa taasifteetti. Kootdivowaar Waancaa Addunyaa baranaatiin biyya Afriikaa injifannoo galmeessite ishee jalqabaa taateetti. Seenaa Waancaa Addunyaa keessatti yeroo jalqabaatiif biyyoonni Afriikaa 10 hirmaachaa jiru. Ramaddii Shanaffaa kanaan tapha kaleessa taasifame biraatiin, Jarman Kuraasa’aan 7 fi 1n injifatteetti. Gara fuulduraatti taphni ramaddii Jarmanii fi Kootdivowaar gidduutti taasifamu kan eegamu dha. Ikuwaadoor fi Kuraasaa’oo sagantaa ramaddii lammaffaa kanaan tapha biraa kan taasisan ta'a.
Neezerlaandisii fi Jaappaan qixa adda bahan
Jun 15, 2026 1985
Waxabajjii 8 /2018 (ENA): Sagantaa Waancaa Addunyaa FIFA 23ffaa irratti Neezerlaandisii fi Jaappaan lama fi lamaan qixa bahan. Istaadiyaamii Daalaasitti tapha jalqabaa Ramaddii 6ffaa galgala taasifameen,Varjiil VaanDaayik fi Kireesensiyoo Saamarviil Neezerlaandisiitiif galchiiwwan lakkoofsiseera. Keetoo Naakamuraa fi Daachii Kaamaadaa immoo galchiiwwan Jaappaaniif galchaniiru. Galchiin Kaamaadaa daqiiqaa 88ffaa irratti lakkoofsise Jaappaaniin qixa taasiseera. Gooliiwwan afran keessatti galchan, tapha walakkaa lammaffaa keessa sochii gaarii taasifameeni. Biyyoonni lamaan ramaddii 6ffaa keessatti qabxiisaanii jalqabaa argataniiru. Ramaddii kanaan biyyi Siwiidin fi Tuuniziyaa waliin barii sa'aatii 11:00 irratti Istadiyaamii Moontireeyitti tapha isaanii taasisaniiru.
Milkaa'inni Bu'uraalee Misooma iddoowwan ispoortii Finfinnee carraa guddattoonni dandeettii ispoortii isaanii itti cimsatan uumeera
Jun 14, 2026 2725
Waxabajjii 7/2018 (ENA) — Milkaa'inni bu'uraalee misooma iddoowwan ispoortii Finfinnee, guddattoonni gahumsa ispoortii isaanii akka gabbifatan bu'uura guddaa kaa'uusaa Biroon Dargaggootaa fi Ispoortii Magaalaa Finfinnee beeksise. Magaalittii keessatti pirojektoonni koriidaraa fi lageen qarqaraa miidhagoon ijaaraman, bu'uraaleen misooma iddoowwan ispoortii hedduun akka ijaaraman dandeessiseera. Iddoowwan ispoortii ijaaraman kunneenis, naamusaa fi eenyummaa dargaggoota magaalattii ijaaruun, dandeettii ispoortii isaanii akka gabbifataniif haala mijataa uumeera. Kunis hanqina iddoowwan ispoortii furuudhaan, dameewwan ispoortii hundaan dargaggoota bakka bu'oo ta'anii fi gahumsa qaban horachuuf haala mijataa uumaa jira. Hogganaan Biiroo Dargaggootaa fi Isportii Finfinnee Obbo Assagidaw Hayilagoorgis ENA'f akka ibsanitti; milkaa'inni misooma magaalattii ijaarama bu'uraalee misooma ispoortiitiif haala mijataa uumuu isaa eeraniiru. Bu’aan Misooma miidhagsuu Finfinnee kunis, ispoortessitoota dorgamtootaa fi gahumsa qaban horachuu kan dandeessisan, gidduu galaa fi iddoowwan ispoortii bu'a-qabeeyyii ta'an akka ijaaraman gochuu isaa dubbataniiru. Kanaanis, jijjiirama biyyaalessaa booda, guddattoota ispoortessitoota gahumsaa fi qulqullina qaban horachuu kan dandeessisan, bakkeewwan shaakala ispoortii kuma 2 fi 581 ijaaramuusaanii dubbataniiru. Ijaarsi iddoowwanii fi gidduugalli ispoortii kunis, manneen barnootaa, dhaabbilee leenjii ogummaa fi teeknikaa, dhaabbata fayyaa dabalatee, naannawa jireenya uummataa keessattis pirojektoonni bu'uraalee misooma ispoortii hirmaachisoo ta'an ijaaramuusaanii hubachiisaniiru. Gidduugalli leenjii fi iddoowwan ispoortii magaalattii, isportessitoota bakka bu'oo horachuu bira dabree, faayidaa hawaasummaa fi dinagdee damee hedduu argamsiisaa akka jiran kaasaniiru. Lammii naamusa gaariin bocame horachuu keessattis, dargaggoonni fi ijoolleen yeroo isaanii bakka hin mallee fi faayidaa hin qabneerraa akka fageeffatan haala mijataa uumuusaa eeraniiru. Iddoowwan ispoortii Finfinnee kanneen ammayyaa fi sadarkaa isaanii eeggatan, Itiyoophiyaan dorgommiiwwan idil-addunyaa keessummeessuuf dandeettii akka argattu kan taasisan ta'uusaa ibsaniiru. Yeroo ammaas, gidduugala leenjii fi iddoowwan ispoortii kanaan guddattoonni leenjifaman, gara kilaboota adda addaa fi garee biyyaalessaatti sadarkaa isportii ol'aanaatti ce'aa akka jiran ibsaniiru. Kunis, misooma isportii Itiyoophiyaa keessatti faayidaa guddaa buusuun, guddattonni dandeettii ispoortii isaanii akka gabbifatan bu'uura kaa'amuu isaa kan agarsiisudha jedhaniiru. Gara fuulduraattis, ispoortessitoota bakka bu'oo horachuu kan dandeessisan, hojiin ijaarsa bu'uraalee misooma giddugala leenjii fi iddoowwan ispoortii cimsee kan itti fufu ta'uu mirkaneessaniiru.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Naannoo Harariitti biqiltuuwwan faayidaa garagaraa qaban miiliyoona 1 tuqaa 7 ashaaraa magariisaan ni dhaabamu
Jun 24, 2026 195
Waxabajjii 17/2018 (ENA)- Naannoo Harariitti biqiltuuwwan faayidaa garagaraa qaban miiliyoona 1 tuqaa 7 sagantaa ashaaraa magariisaan dhaabbiif qophaa’uu biiroon misooma qonnaa naannichaa beeksise. Naannichatti sagantaa ashaaraa magariisaaa sadarkaa olaanaan itti fufsiisuuf qophiin ga’aan taasifamuu beeksiseera. Biiroo misooma qonnaa naannichaatti daarektarri eegumsaa fi itti fayyadama misooma qabeenya uumamaa obbo Araarsoo Adam ENA’f akka ibsanitti, biqiltuuwwan qophaa’an keessaa dhibbantaa 70 kan ta’an kuduraa fi muduraa ta’uusaanii eeraniiru. Kan hafan bosonaa fi nyaata looniif kan oolan ta’uu kaasaniiru. Haala Kanaan naannichatti sagantaa ashaaraa magariisaa baranaatiin biqiltuuwwan faayidaa garagaraa qaban miiliyoona 1 tuqaa 7 qophaa’aniiru jedhaniiru. Naannichatti sagantaan biqiltuu dhaabuu ashaaraa magariisaa boru Waxabajjii 18 bara 2018 ifatti akka eegalamu eeraniiru.
Jiraattonni Magaalittii itti gaafatamummaa isnii ba’achuudhaan naannoo isaanii balaa Lolaarraa eeguu qabu - kantiibaa Adaanech Abeebee
Jun 23, 2026 621
Waxabajjii 16/2018 (ENA):- Jiraattonni magaalaa keenyaa bo’oo lolaa qulqulleessuudhaanii fi kosii sirnaan gatuudhaan naannoo keessan balaa lolaarraa eeguu qabu jechuun Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee waamicha dhiheessan. Kantiibaa Adaanech fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniitiin ergaa dabarsaniin, Aanaa Aqaaqii Qaallittiitti bakka yeroo baay’ee balaa Lolaatiif saaxilamu irratti hojii lolaa ittisuu fi qophii ittisa balaa ifatti jalqabsiisneerra jedhan. Aqaaqii Qaallittiin teessuma lafaatiin kutaa Finfinnee gara gadii waan ta'eef; kanaan dura balaa lolaatiif deddeebi'ee miidhamaa turuu isaas yaadachiisaniiru. Guyyaa har'aas naannoo kanaaf dursa kennuudhaan bakkeewwan magaalaa keenya hundatti laggeen yaa’insa uumamaa isaanii eeggatanii akka yaa’an ijaarsoota adda addaa hojjechuu fi sosochii sararoota dhangala'aa qulqulleessuu itti fufsiisneerra jechuun ibsaniiru.. Jaalatamtoota jiraattota magaalaa keenyaa, bulchiinsi keenya hojii ittisaa fi balaan akka hin qaqqabneef hojii qophii dursaarratti hojjechaa jiru irratti dammaqinaan hirmaadhaa jechuun waamicha dhiheessaniiru. Itti dabaluudhaanis, sararoota dhabamsiisa dhangala’aa qulqulleessuudhaan, kosii gara lolaan yaa’utti gatuu dhiisuu fi sirnaan gatuudhaan naannoo keessan balaa Lolaarraa eegaa jechuun dhaamaniiru
Godina Wallagga Lixaatti Sagantaa Ashaaraa Magariisaa baranaatiif lafti heektara kuma 67 ol qophaa'eera
Jun 23, 2026 373
Waxabajjii 16/2018 (ENA) - Naannoo Oromiyaa Godina Wallagga Lixaatti sagantaa ashaaraa magariisaa baranaatiif lafti heektara kuma 67 ol qophaa'uu isaa Waajjirri Qonnaa godinichaa beeksiseera. Waajjira Qonnaa godinichatti Durasaan garee eegumsa qabeenya uumaamaa Obbo Fiqruu Biraanuu, sagantaa ashaaraa magariisaa kanaaf qophiin biqiltootaas ta'ee lafaa xumuramuu isaa ibsaniiru. Sagantaa ashaaraa magariisaa baranaatiin godinichatti aanaalee hundatti biqiltoonni faayidaa hedduu qaban miiliyoona 328 ol akka dhaabaman eeraniiru. Biqiltoota qophaa'an keessaa avokaadoo, paappaayaa, muuzii, burtukaana, Appilii fi kanneen bosonaatiif oolan biqiltoonni hedduun qophaa'uu isaanii kaasaniiru. Hojiin biqiltuu magarsuu kun dhuunfaan, mootummaanii fi waldaaleen kan raawwatame ta'uu ibsaniiru. Uummata hirmaachisuudhaan hojii dhaabaatiif boolli miiliyoona 293 qophaa'uusaa eeraniiru. Kanaanis namoota gara miiliyoona 1.4 ta'an hirmaachisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu dubbataniiru.
Magaalaa Finfinneetti sochiin duula ittisa Lolaa Gannaa fi Qophii Balaa Bara 2018 eegalame
Jun 23, 2026 384
Waxabajjii 16/2018 (ENA): Magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Aqaaqiitti duulli Lolaa Gannaa fi Qophii Balaa 2018 eegalameera. Sagantaa jalqabsiisa kana irratti kan argaman itti aanaa kantiibaa magaalaa Finfinnee fi itti gaafatamaan Biiroo Misooma Industirii Mgaalichaa Jaanxiraar Abbay akka himanitti, duulli kun yeroo Gannaa hordofee miidhaa namootaa fi qabeenya irra gahu ittisuuf kan kaayyeffate ta’uu ibsaniiru. Bulchiinsi magaalichaa balaa sirnaan qoratee furmaata itti fufiinsa qabu kennaa akka ture eeraniiru. Kana keessatti bu’aan qabatamaan galmaa’uu ibsaniiru. Laggeen jireenya dhala namaatiif madda balaa ta’uu osoo hin taane, madda bishaan qulqulluu ta’uu akka qaban hubachiisuun, gara fuulduraattis lageen madda balaa akka hin taaneef misoomni qarqara lagaa irratti xiyyeeffatamee hojjetamaa jira jedhan. Sadrkaa itti Aanaa Kantiibaattii fi hojii gaggeessaa olaanaan magaalaa Finfinnee Injiinar Wandimmuu Seetaa gamasaaniitiin magaalaa guddittii keessatti haala balaa irraa bilisa ta’e uumuuf hojiin bal’aan hojjetamaa jiraachuu hubachiisaniiru. Naannoowwan kanaan dura madda balaa turan gara iddoo jireenyaa mijataa fi hawwataa ta’etti jijjiiramuu isaanii akeekaniiru. Hojiin magaalattii mijataa fi jireenyaaf hawwataa taasisuu cimee itti fufuus mirkaneessaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Gabaasa addaa
Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti - Itti aanaa Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa
Jun 9, 2026 6786
Waxabajji 2 /2018 (ENA): Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti jedhani itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan muummee ministiraa Pirojektoota misoomaa adda addaa magaalaa Woldiyaatti ijaaraman eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Yeroo eebba kanaatti pirojektoonni misoomaa eebbifaman imala biyyattiin gara fuulduraatti taasiftu kan agarsiisan yoo ta’u, guddinni Itiyoophiyaa eenyullee dhaabuu akka hin dandeenye kuni ragaadha jedhan. Itti aanaan ministira muummee kun ummanni magaalaa Woldiyaa finxaaleyyii fi qoqqoodinsa mormuudhaan kan beekamu ta’uu ibsuun, filannoon isaanii irra deddeebiin nagaa fi mootummaa cimaa ta’uu isaa kan argisiisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan baandota irratti qabsaa’aa jira jedhani. Waggoota 50 fi 60 darbaniif warri yaada dulloomaatiin qabaman guddina ariifataa biyyattii hubachuu akka hin dandeenyes ibsaniiru. Warri bosona keessa jiran jijjiirama guddaa biyyatti dhufe kan akka misooma koridarii, maaddii guutuu, pirojektoota misoomaa fi oomisha qamadii arguu akka hin dandeenye dubbataniiru. Misoomni koridarii magaalota keessatti gaggeeffamaa jiru dhimma bareedinaa qofa osoo hin taane magaalota ammayyeessuun sadarkaa jireenyaa ummataa ol kaasuuf kaayyoo ta’uu ibsaniiru. Magaalonni Itiyoophiyaa magaalota Baha Afriikaa fi addunyaa waliin dorgomuu akka qaban ibsaniiru; akkasumas tajaajila ammayyeessuuf tajaajilli giddugala tokkoo guutuu biyyattiitti babal’achaa akka jiru hubachiisaniiru. Manneen kitaabaa ummataa, manneen kitaabaa dijitaalaa fi kaffeewwan saayinsii magaalaa Woldiyaatti ijaaraman odeeffannoo guyyaa guyyaa irraa gara beekumsaa fi qorannoo gadi fagootti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan, abbootii qabeenyaa fi ummanni pirojektoota misoomaa eegalaman gara baadiyyaatti babal’isuun badhaadhina biyyattii dhugoomsuuf waliin hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 11031
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.