ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Guyyaaboota sabalamootaa fi uummatoota Itoophiyaa 18ffaa sababeeffachuun Finfinneetti feestivaalli aadaa geggeeffama jira
Dec 3, 2023 276
Sadaasa 23/2016 (TOI) - Guyyaaboota sabalamootaa fi uummatoota Itoophiyaa 18ffaa sababeeffachuun Finfinneetti feestivaalli aadaa geggeeffama jira Feestivaalichi magaalaa Finfinnee addabaabayii michummaatti mata duree "Sabdaneesummaa fi walqixummaa tokkummaa biyyaaf'' jedhuun geggeeffama jira. Feestivaalicharratti hirmaatoonni aadaalee ,nyaata aadaa, uuffata aadaa fi sirboota aadaa saboota sabaloomtootaa fi uummatoota dhiheessaniiru. Feestivaala aadaa kanarratti kantiibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee dabalatee af-yaa'iin manneen maree naannoolee fi bulchiisoota magaalootaa, jiraatoonni magaalichaa fi keessummoon waamichi taasifameef argamaniiru.
Aadde Adaanech Abeebee sagantaa tajaajila tola ooltummaa yeroo bonaa eegalchiisan
Dec 3, 2023 182
Sadaasa 23/2016 (TOI) - Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee sagantaa tajaajla tola ooltummaa yeroo bonaa hojjetamu kutaa magaalaa Addis katamaatti eegalichiisaniiru. Aadde Adaanech ergaa karaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin qoodaan akka himanitti ''har'a ganama kutaa magaalaa Addis katamaatti argamuun sagantaa tajaajila tola ooltummaa yeroo bonaan manneen kuma 3 fi 200 deebisnee ijaaruu fi jiruu fi jireenya namoota hedduu hojii jijjiru hojjechuuf jalqabneerra" jedhaniiru Tajaajila tola ooltummaa yeroo gannaa hojjenneen hojilee lammilee miliyoona 1 ol fayyadamoo taasise hojjennee turrejedhaniiru
Chaayinaan hariiroo daldala bunaarratti Itoophiyaa waliin qabdu sadarkaa olaanaatti ceesisuu barbaaddi
Dec 2, 2023 186
Sadaasa 22/2016 (TOI) - Chaayinaan walitti dhufeenya daldala bunaa Itoophiyaa waliin qabdu daran cimsuu akka barbaaddu Dura Taa’aan Koree Dhaabbii Paartii Kongireesii Biyyaalessaa Chaayinaa Du Jihaa’oo ibsan. Miseensonni koree dhaabbii dhimma qonnaa fi baadiyyaa paartii kongireesii biyyoolessaa Chaayinaa, itti aantuun af-yaa’ii mana maree bakka bu’oota ummataa FDRI aadde Loomii Badhoo fi miseensonni mana maree bakka bu’oota uummataa biroon dhaabbata al-ergii bunaa AMG Gaalaanitti argamu daawwataniiru. Miseensonni paartichaa Daarektara Olaanaa Abbaa Taayitaa Bunaa fi Shaayii Itoophiyaa Doktar Adunyaa Dabalaa waliin marii taasisaniiru. Dura taa’aan koree dhaabbii dhimma qonnaa fi baadiyyaa Paartii Kongireesii Biyyoolessaa Chaayinaa Du Jihaa’oon daawwannaa kanaan akka jedhanitti; Bunni Itoophiyaa gabaa Chaayinaa keessatti bal’inaan beekamtii akka qabu ibsaniiru. Invastaroota Chaayinaa damee buna qopheessuurratti bobba’uuf fedha qabaniif haalli mijaa’aan Itoophiyaa keessa jiraachuu hubachuus himaniiru. Invastaroonni Chaayinaa Itoophiyaatti hojii invastimantii akka hojjetan kan deeggaran ta’uu fi buna Itoophiyaa baay’inaafi qulqullinaan oomishanii gabaa addunyaaf bal’inaan akka dhiheessaan ni jajjabeeffama jedhaniiru. Itoophiyaan buna galtee itti dabaluun qulqullinaa fi baay’inaan dhiyeessuu yoo dandeesse carraan gabaa Chaayinaa keessa bal'inaan akka jiru himaniiru. Chaayinaatti dargaggoonni aadaa shaayee dhuguu xiqqeessuun bal'inaan buna fayyadama jiraachuu himaniiru. Dhaabbileen Chaayinaa kana hubachuun buna Itoophiyaa baay'inaan gabaa Chaayinaaf dhiheessuun walitti dhufeenya daldalaa jiru caalaatti cimsuu qabu jedhaniiru. Kana cimsuuf jecha abbaa taayitaa bunaa fi shaayii Itoophiyaa waliin walitti dhiyeenyaan hojjechaa jiraachuu himaniiru. Daayreektarri olaanaa abbaa taayitichaa Dr. Addunyaa Dabalaa; Biyyoota Itoophiyaan buna qulqullinaa fi baay’inaan dhamdhama addaa qabu itti oomishtu keessaa Chaayinaan tokko ta’uu ibsaniiru.
Godina Qeellam Wallaggaatti Ijaarsa Hidha Haaromsaa Guddichaa Itoophiyaaf deeggarsi birrii miliyoona 13 walitti qabame.
Dec 2, 2023 34
Sadaasa 22/2016 (TOI) - Godina Qeellam Wallaggaatti Ijaarsa Hidha Haaromsaa Guddichaa Itoophiyaaf deeggarsi birrii miliyoona 13 gurgurtaa boondii fi kennaan walitti qabame. Bulchaan godinichaa fi Dura Taa’aan Mana Maree Qindeessaa Hirmaannaa Ummataa Ijaarsa Hidhichaa obbo Gammachuu Gurmeessaa akka himanitti; hidhicha ijaaruuf erga dhagaan bu'uuraa kaa'amee eegalee uummanni godinicha deeggarsa walirraa hin cinne taasisaa tureera.
Doktar Warqinaa Gabayyoon bakka agarsiisa Ashaaraa Magariisaa Itoophiyaa daawwatan
Dec 2, 2023 226
Sadaasa 22/2016 (TOI) – Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Misoomaa Mootummootaa Baha Afrikaa doktar Warqinaa Gabayyoon bakka agarsiisa Ashaaraa Magariisaa Itoophiyaa daawwataniiru. Itoophiyaan Yaa'ii Jijjiirama qabeenya qilleensaa COP 28 Dubaayitti gaggeeffama jiruurratti hojiilee Ashaaraa magariisaa beeksisaa jirti. Doktar Warqinaan yaa'ichaan cinaatti bakka agarsiisaa kana daawwachuu isaanii ragaan Emiroota Araba Gamtoomanitti Embaasii Itoophiyaarraa argame ni mul'isa.
Siyaasa

Itiyoophiyaa fi Israa’eel hariiroo biyyoota lamaanii cimsuuf waliigalan
Dec 1, 2023 327
Sadaasa 21/2016(TOI)- Itiyoophiyaa fi Israa’eel hariiroo biyyoota lamaanii cimsuuf waliigaluusaanii ibsame. De’eetaan ministira dhimma alaa ambaasaaddar Misgaanuu Argaa Itiyoophiyaatti ambaasaaddara Israa’eel Alleliny Admaasuu waajjirasaaniitti simatanii haasofsiisaniiru. Marii kanaanis hariiroo biyyoota lamaanii yeroo dheeraaf ture caalaatti cimsuuf waliiti fufuun yaada waljijjiiruun akka barbaachisu ambaasaaddar Misgaanuun ibsuusaanii odeeffannoon ministeera dhimma alaarraa argame nimul’isa. Fuuldura hariiroo kana cimsuuf hojmaatota biyyoota lamaanii sakatta’uu fi marii siyaasaa taasisuun akka barbaachisu ambaasaaddar Misgaanuun dubbataniiru.
Naannoo Affaaritti bor irraa eegalee filannoon namoota ajandaa marii biyyaaleessaaf walitti qabanii ni geggeeffama
Dec 1, 2023 50
Sadaasa 21/2016 (TOI) - Naannoo Affaaritti bor irraa eegalee filannoon namoota ajandaa marii biyyaaleessaaf walitti qabanii ni geggeeffamu ta'u komishinarri Komishiinii maree biyyaalessaa doktar Ayroot Mahaammad beeksisan. Komishiinarittiin guyyaa har'aa ibsa magaalaa Samalaatti miidiyaaf kennaniin naannichatti filannoon namoota kutaalee hawaasa gara garaa irraa walitti dhufanii kan ajandaa maree biyyaalessaaf walitti qabanii sadaasa 22/2016 irraa eegalee ni taasifama jedhaniiru. Filannoon kun kan geggeeffamu qaamolee deeggartoota komishiinichi leenjii kenneefii fi hirmaatoota aanaalee adda addaarraa filate 4320 keessaa ta'uu ibsaniiru. Kana keessaas hawaasa aanaalee naannichaa 48 kan bakka bu'aan 864 kan filaman ta'uu ibsaniiru. Filannoo kanarratti dubartoonni, dargaggoonnii, hawaasni daldalaa, hoggantoonni gosaa, jaarsoliin biyyaa, horsiise bultoonni, hojjetoonni mootummaa, buqqaatoonni fi barsiisoonni ni hirmaatu jedhaniiru. Komishiinichi filannichi hirmaachisaa, iftoomina fi amanamummaa kan qabu bu'uura akka godhatu deeggarsa ni taasisa jedhaniiru. Hawaasni filannoon bakka buutota hawaasa marii biyyaalessaaf ajandaa adda baasanii kun akka milkaa'uuf si'oominaan akka himaatuu fi milkaa'ina maree biyyaalessaa kanaaf gahee isaanii akka qaban gaafataniiru.
Guyyaan sabaa fi sablammootaa kabajamuunsaa sablammoonni caalaatti akka walbeekanii fi walitti hidhamiinsasaanii akka cimsan carraa uuma
Dec 1, 2023 53
Sadaasa 21/2016 (TOI) - Guyyaan saba sablammootaa fi ummattootaa kabajamuunsaa sablammoonni caalaatti akka walbeekanii fi walitti hidhamiinsasaanii cimsan carraa uumuusaa ittigaafatamaan biiroo komunikeeshinii Oromiyaa obbo Hayiluu Addunyaa dubbatan. Waltajjiin marii Gumii Balan 35ffaa mata duree “Sabdaneessummaa fi walqixxummaan tokkummaa biyyaaf” jedhuun har’a waajjira pirezidaantii naannoo Oromiyaatti taa’ameera. Mariin qindeessummaa waajjira pirezidaantii fi biiroo komunikeeshinii naannichaan qophaa’u guyyaa saba, sablammootaa fi ummattootaa 18ffaa barana naannoo Somaalee magaalaa Jigjigaatti kabajamu sababeeffachuuni Waltajjicharratti kan argaman ittigaafatamaan biiroo komunikeeshinii naannoo Oromiyaa obbo Hayiluu Addunyaa akka jedhanitti, sirni federaalaa bu’aa qabsoo ummattootaa waloo ta’e tokkummaa ummataa cimsaa akka jiru yaadachiisaniiru. Heerri mootummaa sanada waadaa waloo ummattootaa ta’e kan itti ragga’e Sadaasa 29 bu’uureffachuun kan kabajamu guyyaan saboota, sablammootaa fi ummattootaa waggaa waggaan kabajamuunsaa waliti hidhamiinsa ummataa cimsaa jira jedhaniiru. Guyyaan kun kabajamuunsaa sablammoonni akka walbeekan taasisuun olitti tokko kan biraa akka beekuu fi walitti hidhamiinsa isaanii akka cimsatan carraa uumuusaa ibsaniiru. “Ayyaanicha kabajuun olitti waliif yaaduun, walkabajuu fi walooma cimsuun misoomatti cimnee dhaloota dhufuuf biyya badhaate ceesisuurratti xiyyeeffachuu qabna” jedhan. Barreeffama mariif ka’umsaa ta’u kan dhiheessan barsiisaa federaalizimii univarsiitii Finfinnee doktar Tasfaayee Jimaa gamasaaniin, biyyootaakka Itiyoophiyaa afaan, aadaa, amandaa addaddaa qabaniif federaalizimii sabdaneessummaarratti hundaa’e akka wayyuuf kaasaniiru. Ittidabaluunis hanqinoonni sirna federaalizimiirratti mul’atan guutuu taasisuun fi biyyoota guddatanirraa muuxannoo fudhachuun hojeessuun biyya cimtuu fi badhaate ijaaruu akka dandeessisu himaniiru. Hirmaattonni yaada kaasaniin federaalizimii sabdaneessummaa keessummeesse ijaaruun hojii yeroo tokkoo osoo hinta’iin walirraa baruu fi waliif yaaduun yoo deemnedha jedhan. Hooggantoonni federaalaa fi naannolee, hayyuuleen federaalizimii fi seeraa fi qorattoonni damee kanaa waltajjii kanarratti argamaniiru.
Mariiwwan nageenya waaraa buusuuf dandeessisan iddoowwan addaddaatti taasifamaniiru
Dec 1, 2023 85
Sadaasa 21/2016 (TOI)–Kurmaana waggaatti mariiwwan nageenya waaraa buusuuf dandeessisanii fi hayyoonni hedduun itti hirmaatan biyyattii iddoowwan addaddaatti taasifamuusaanii ministeerri nageenyaa beeksise. Ministeerichi rawwii kurmaana waggaa bara 2016 koree dhaabbataa hariiroo alaa fi dhimmoota nageenyaa mana maree bakka bu’oota ummataaf dhiheesseera. Ministeera nageenyaatti hojii raawwachiisaan dhimmoota tarsiimoo obbo Addunyaa Baqqalaa gabaasa wayita dhiheessanitti akka jedhanitti, ministeerichi hojiiwwan addaddaa nageenya waaraa buusuuf dandeessisan hojjechaa jira. Keessumaa dhimmoota ijoo torbrratti xiyyeeffatee hojjechaa akka jiru ibsaniiru. Kanneen keesa qaqqabiinsa odeeffannoo bal’isuu, duudhaalee nageenyaa gabbisuu, dhimmoota nageenya biyyaarratti qorannoo taassuu, mariiwwan nageenya waaraaffurmaata agarsiisan adeemsisuun kanneen ijooti. Haala Kanaan kurmaata waggaatti mariiwwan nageenya waaraa buusuu dandeessisanii fi furmaata agarsiisan biyyattii iddoowwan addaddaatti adeemsifamaniiru. Hayyoonnii fi qooda fudhattoonni 389 damee kanarratti qorannoo addaddaa taasisan waltajjiiwwan kanneenirratti hirmaatanii akka ture kaasaniiru. Kana malees dhimmoota duudhaa nageenyaa ta’an keessaa tajaajila tola ooltummaa biyyaalessaa irrattis kurmaana waggaatti tola ooltota kuma 3 ol marsaa lamaan leenjisuun nannawoota biyyattii addaddaatti bobbaafamuusaanii dabalanii himaniiru. Hojiilee teeknooloojiitti fayyadamuun walitti bu’iinsa dursanii ittisyuuf hojjetamaniin odeeffannoowwan 32 qaqqabanii deebiin ittikennamuu ibsaniiru.
Muuxannoowwan leenjiirraa argaman hojiirra oolchuun dhimma hooggansi dursa kennuuf ta’uu qaba-obbo Adam Faaraah
Dec 1, 2023 71
Sadaasa 21/2016 (TOI) - Muuxannoowwan leenjiirraa argaman hojiirra oolchuun dhimma hooggansi dursa kennuuf ta’uu akka qabu itti aanaa pirezidaantii paartii badhaadhinaa fi ittigaafatamaan waajjira muummee obbo Adam Faaraah dubbatan. Obbo Adam Faaraah leenjii qaamolee hoogansa mootummaa godina Iluu Abbaabooritti leenjii marsaa 4ffaa irratti hirmaachaa jiran waliin mari’ataniiru. Kanumaan walqabatee hojiilee misoomaa godinicha iddoowwan addaddaatti misoomaa jiran daawwachuusaanii odeeffannoon fuula marsariitii paartii badhaadhinaarraa argame numul’isa. Fuulduras leenjiiwwan akkasii akka itti fufan ibsanii, muuxannoowwan leenjii Kanaan dura kennamanirraa argamanhojiirra oolchuun dhimma hooggansi dursa kennuufii qabu akka ta’e obbo Adam dubbataniiru.
Naannoo Harariitti guyyaan Saboota, Sablamootaa fi Ummatoota Itoophiyaa 18ffaa kabajamaa jira
Dec 1, 2023 65
Sadaasa 20/2016 (TOI) - Naannoo Harariitti guyyaan saboota, sabalamootaa fi uummatoota Itoophiyaa 18ffaa sagantaa adda addaan kabajama jira. Naanichaatti guyyaan kun mata duree '' sabdaneesuummaa fi walqixummaa tokkummaa biyyaalessaaf '' jedhuun marii paanaalii fi sagantaa biroo adda addaan kabajamaa jira jedhameera. Kabaja guyyaa kanarratti Pirezidaantiin naannoo Hararii fi Af-yaa'iin mana maree naannichaa obbo Sulxaan Abdulsalaam argamaniiru. Dabalataan hoggantoonni hojii mootummaa naannichaa biroo fi abbootiin amantaa, jarsoliin biyyaa fi kutaaleen hawaasaa adda addaa kabaja guyyaa kanarratti hirmaataniiru.

Hawaasummaa
Aadde Adaanech Abeebee sagantaa tajaajila tola ooltummaa yeroo bonaa eegalchiisan
Dec 3, 2023 182
Sadaasa 23/2016 (TOI) - Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee sagantaa tajaajla tola ooltummaa yeroo bonaa hojjetamu kutaa magaalaa Addis katamaatti eegalichiisaniiru. Aadde Adaanech ergaa karaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin qoodaan akka himanitti ''har'a ganama kutaa magaalaa Addis katamaatti argamuun sagantaa tajaajila tola ooltummaa yeroo bonaan manneen kuma 3 fi 200 deebisnee ijaaruu fi jiruu fi jireenya namoota hedduu hojii jijjiru hojjechuuf jalqabneerra" jedhaniiru Tajaajila tola ooltummaa yeroo gannaa hojjenneen hojilee lammilee miliyoona 1 ol fayyadamoo taasise hojjennee turrejedhaniiru
Yuunivarsiitiin Maqalee baratoota haaraa kuma 1 simatee barsiisuuf qophaa'eera
Dec 1, 2023 504
Sadaasa 21/2016 (TOI) - Yuunivarsiitiin Maqalee baratoota haaraa Ministeerri Barnootaa ramade kuma 1 simatee barsiisuuf qophaa'uu beeksise. Daarektarri Korporeeti kominikeeshinii yuunivarsiitichaa doktar Tikaboo G/silaasee TOItti akka himanitti Yuunivarsiitichi sadaasa 28 hanga 30/2016tti baratoota haaraa simachuuf qophii gahaa taasiseera. Yuunivarsiitichi Addiharqii dabalatee mooraa lamaanitti baratoota saayinsii uumamaa fi hawaasa baratan simachuuf qophii taasisuu himaniiru. Bakka barnootaa, nyaataa fi kutaalee ciisichaa dabalatee nageenya mooraarratti qoohiin gahaan taasifamuu himaniiru. Haala nageenyaa naannichatti umamee fayyadamuun yeroo ammaa baratoota buleeyyii simatee barsiisaa jiraachuu himaniiru.
Miidhaa koorniyaa dubartootarra gahuu ittisuuf sagantaan sosochii biyyaalessaa jalqabame
Dec 1, 2023 61
Sadaasa 21/2016 (TOI) - Miidhaa koorniyaa dubartootarra gahuu ittisuuf sagantaan sosochii biyyaalessaa jalqabame. Sagantaan kun magaalaa Adaamaatti kan jalqabame yoo ta'uu saganticharratti Pireezidaantiin FDRI Saahlewariq Zawudee argamaniiru. Duulli sosochii guyyoota farra miidhaa koorniyaa Idil-addunyaa bara kanaa sadarkaa biyyaatti yeroo 18ffaaf mata duree " Yoomiyyuu, eessattiyyuu, haala kam keessattiyyuu waa'ee miidhaa koorniyaa hin callisu'' jedhuun kabajama. Sosochiin guyyoota 16 farra miidhaa kooriniyaa ykn guyyaan riivaanii adii sadarkaa addunyaatti yeroo 32ffaaf mata duree "Activism to End Violence against Women and Girls" jedhun sagantaa adda addaan kabajamaa jira. Pireezidaanti Saahleewariq Zawudee , Ministirri Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Doktar Ergoogee Tasfaayee, hoggantoonni damee dhimma dubartootaa fi daa’immanii fi qooda fudhattoonni naannolee fi bulchiinsa magaalotaa saganticha irratti hirmaataniiru.
Naannoo Amaaraatti dhibee busaa ittisuuf keemikaalli biifamaa jira
Dec 1, 2023 28
Sadaasa 21 / 2016(TOI) - Naannoo Amaaraatti dhibee busaa ittisuuf keemikaalli farra bookee busaa biifamaa akka jiru inistiitiyuutiin fayyaa hawaasaa naannichaa beeksise. Baatii Adoolessaa 2016 irraa kaasee qorannoo dhaabbilee fayyaa naannichaatti taasifameen namoonni miiliyoona walakkaa ol busaan qabamanii yaala argachuunsaanii eerameera. Inistiitiyuutichatti qindeessaan sagantaa busaa dhabamsiisuu obbo Daamxoo Laankir TOI’f akka ibsanitti, namooni busaan qabaman keessaa harki 75 godinoota jiddugaleessaa, lixaa fi Gondor kaabaa akkasumas aanaalee 30 Bahaardaarii fi naannawasheetti argamanittidha. Dhibee kana ittisuu fi to’achuuf aanaalee 43 keessatti hubannoo uumuun cinaatti keemikaala farra bookee busaa biifuuf karoorfamee gandoota 190 aanaalee 27 keessatti argamanitti raawwatamuu ibsaniiru. Iddoowwan bookeen busaa itti horanitti keemikaalli liitiroo kuma 3 fi 675 ol biifamuu himan. Hawaasni agoobara fayyadamuun,iddoowwan bookeen busaa itti horan qulqulleessuun fi dhukkubni wayita itti dhagahamu dafee gara dhaabbilee fayyaa akka dhaqu dhaamaniiru. Bahaardaaritti jiraataan kutaa magaalaa ganda Zanzalimmaa obbo Ayyaaloo Mokonnin torbee darbe dhukkubsatanii dhaabbata fayyaa dhaquun qoratamanii busaa ta’uunsaa baramee yaalamuun fayyuusaanii dubbataniiru. Dhibee busaa ittisuuf iddoowwan bishaan kuusan namoota biroo waliin ta’uun qulqulleessaa akka jiran dubbataniiru. Jiraattuun ganda kanaa kan biraan adde Iteenash Fantaawu gamasaaniin torbee dura mucaan jalaa dhukkubsatee mana yaalaa geessanii busaan qabamuun isaa itti himamuu dubbataniiru. Qoricha ajajameef sirnaan akka fudhatu hordofanii barumsatti deebi’uusaa eeranii, achii booda agoobara sirnaan fayyadamaa fayyadamaa akka jiran himaniiru.
Diinagdee
Chaayinaan hariiroo daldala bunaarratti Itoophiyaa waliin qabdu sadarkaa olaanaatti ceesisuu barbaaddi
Dec 2, 2023 186
Sadaasa 22/2016 (TOI) - Chaayinaan walitti dhufeenya daldala bunaa Itoophiyaa waliin qabdu daran cimsuu akka barbaaddu Dura Taa’aan Koree Dhaabbii Paartii Kongireesii Biyyaalessaa Chaayinaa Du Jihaa’oo ibsan. Miseensonni koree dhaabbii dhimma qonnaa fi baadiyyaa paartii kongireesii biyyoolessaa Chaayinaa, itti aantuun af-yaa’ii mana maree bakka bu’oota ummataa FDRI aadde Loomii Badhoo fi miseensonni mana maree bakka bu’oota uummataa biroon dhaabbata al-ergii bunaa AMG Gaalaanitti argamu daawwataniiru. Miseensonni paartichaa Daarektara Olaanaa Abbaa Taayitaa Bunaa fi Shaayii Itoophiyaa Doktar Adunyaa Dabalaa waliin marii taasisaniiru. Dura taa’aan koree dhaabbii dhimma qonnaa fi baadiyyaa Paartii Kongireesii Biyyoolessaa Chaayinaa Du Jihaa’oon daawwannaa kanaan akka jedhanitti; Bunni Itoophiyaa gabaa Chaayinaa keessatti bal’inaan beekamtii akka qabu ibsaniiru. Invastaroota Chaayinaa damee buna qopheessuurratti bobba’uuf fedha qabaniif haalli mijaa’aan Itoophiyaa keessa jiraachuu hubachuus himaniiru. Invastaroonni Chaayinaa Itoophiyaatti hojii invastimantii akka hojjetan kan deeggaran ta’uu fi buna Itoophiyaa baay’inaafi qulqullinaan oomishanii gabaa addunyaaf bal’inaan akka dhiheessaan ni jajjabeeffama jedhaniiru. Itoophiyaan buna galtee itti dabaluun qulqullinaa fi baay’inaan dhiyeessuu yoo dandeesse carraan gabaa Chaayinaa keessa bal'inaan akka jiru himaniiru. Chaayinaatti dargaggoonni aadaa shaayee dhuguu xiqqeessuun bal'inaan buna fayyadama jiraachuu himaniiru. Dhaabbileen Chaayinaa kana hubachuun buna Itoophiyaa baay'inaan gabaa Chaayinaaf dhiheessuun walitti dhufeenya daldalaa jiru caalaatti cimsuu qabu jedhaniiru. Kana cimsuuf jecha abbaa taayitaa bunaa fi shaayii Itoophiyaa waliin walitti dhiyeenyaan hojjechaa jiraachuu himaniiru. Daayreektarri olaanaa abbaa taayitichaa Dr. Addunyaa Dabalaa; Biyyoota Itoophiyaan buna qulqullinaa fi baay’inaan dhamdhama addaa qabu itti oomishtu keessaa Chaayinaan tokko ta’uu ibsaniiru.
Godina Qeellam Wallaggaatti Ijaarsa Hidha Haaromsaa Guddichaa Itoophiyaaf deeggarsi birrii miliyoona 13 walitti qabame.
Dec 2, 2023 34
Sadaasa 22/2016 (TOI) - Godina Qeellam Wallaggaatti Ijaarsa Hidha Haaromsaa Guddichaa Itoophiyaaf deeggarsi birrii miliyoona 13 gurgurtaa boondii fi kennaan walitti qabame. Bulchaan godinichaa fi Dura Taa’aan Mana Maree Qindeessaa Hirmaannaa Ummataa Ijaarsa Hidhichaa obbo Gammachuu Gurmeessaa akka himanitti; hidhicha ijaaruuf erga dhagaan bu'uuraa kaa'amee eegalee uummanni godinicha deeggarsa walirraa hin cinne taasisaa tureera.
Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa balalii fe'umsaa gara Kaazaabilaankaatti eegaluuf jedhame
Dec 2, 2023 26
Sadaasa 22/2016 (TOI) - Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa balalii fe'umsaa haaraa gara Morookoo-Kaasaablaankaatti eegaluuf akka jiru beeksise. Daandiichi balaliin fe'umsaa gara Kaazaabilaankaatti taasisu kun Kaaba Afrikaatti isa jalqabaati jedheera. Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa karaa miidiyaa hawaasummaa isaa akka beeksiseetti; lakkoofsi balalii fe’umsaa daandiin qilleensaa kun Afrikaa keessatti taasisu isa kana waliin 34 gaheera.
Naannoo Oromiyaatti karoora misooma Qamadii baranaa milkeessuuf hojjetamaa akkajiru ibsame
Dec 1, 2023 61
Sadaasa 21/2016 (TOI) - Naannoo Oromiyaatti karoora misooma Qamadii baranaa milkeessuuf humna guutuun hojjetamaa akka jiru biiroo qonnaa naannichaatti qindeessaan inisheetiivii qamadii jallisii bonaa ibsan. Naannoo Oromiyaatti amma ammaatti lafti heektaara miiliyoona 1 tuqaa 3 ol jallisii bonaatiin qamadiin facaafamuunsaa ibsameera. Biiroo qonnaa naannichaatti qindeessaan inisheetiivii qamadii jallisii bonaa obbo Mahaammad Muummee TOI’f akka ibsanitti, barana akka naannootti lafa heektaara miiliyoona 2 tuqaa 6 misoomsuuf karoorfamee hojjetamaa jira. Misoomni qamadii jallisii bonaa godinoota naannichaa 21 fi magaalaawwan 23tti hojjetamaa akka jiru ibsaniiru. Amma ammaatti lafti heektaara miiliyoona 1 tuqaa 9 ol qotamee heektaara miiliyoona 1 tuqaa 3 irra sanyiin faca’uusaa dubbataniiru. Qamadii jallisii bonaatiin oomishamurraa waliigala kuntaala miiliyoona 100 ol argachuuf karoorfamuu himaniiru. Godina Shawaa bahaatti lafa heektaara kuma 350 irra qamadiin faca’ee kuntaala miiliyoona 14 ruqaa 4 argachuuf hojjetamaa akka jiru itti aanaa ittigaafatamaa waajjira qonnaa godinichaa obbo Abinnat Zagayyee ibsuusaanii jidduu darbe gabaasuun keenya niyaadatama. Amma ammatti lafti heektaara kuma 121 qophaa’ee heektaarri kuma 71 facaafamaa jira jedhan. Misooma qamadii jallisii bonaaf sanyii filatamaa fi xaa’oon kuntaala kuma 350 dhihaachuusaa obbo Abinnat ibsanii ture. Sadarkaa biyyaatti naannolee Oromiyaa, Amaaraa, Sidaamaa, Itiyoophiya Kibbaa, Itiyoophiyaa jiddugaleessaa, Itiyoophiyaa kibba Lixaa,Affaar, Gaambeellaa, Somaalee fi Beeniishaangul Gumuzitti sochiin taasifamaa akka jiru odeeffannoon ministeera qonnaa nimul’isa.
Saayinsii fi teeknooloojii
Inistiitiyuutiin Armaawer Hansan qorattoota sadii badhaase
Dec 1, 2023 33
Sadaasa 21/2016 (Toi) - Inistiitiyuutiin Armaawer Hansan yeroo 21ffaaf qorattoota sadiif badhaasa Toree Godaal kenneera. Badhaasni Toree Godaal sagantaa badhaasaa damee fayyaatiin agarsiiftuu dhiibbaa idil addunyaa doktr Godaal ta’ee kan tajaajilu ta’uun himameera. Doktar Toree Godaal waggaa 50 darbe daarektara lammaffaa inistiitiyuutii Armaawer Hansan ta’uun wayita tajaajilanitti dargaggoonni qorattoonni Itiyoophiyaa rakkoo isaan mudatu furuuf fi onnachiisuuf kan jalqaban badhaasa maallaqaa ta’uun ibsameera. Saganticharratti kan argaman de’eetaan ministira fayyaa doktar Ayyalee Tashoomee kalaqa guddisuu rakkoolee wal xaxaa ilaalcha haaraan sakatta’uu fi furaatota haaraa fiduuf daandiiwwan misooma egeree fidan argachuuf nigargaara jedhaniiru. Badhaafni Toree Godaal dargaggoota qorattoota qorannoo caaluuf kakaasuu fi gumaachi qabxii tokkoon tokkoosaanii kanneen biroof karaa kan banu waan ta’eef jajjabaachuu fi muuxannoo kanneen biroof qooduu qabu jechuusaanii odeeffannoon ministeera fayya ni’eera. “Duudhaa fi qajeelfamni doktar Godal onnachiiftuu nuuf ta’uun bara tajaajila keenyaa hunda itti fayyadamna” kan jedhan ammoo daarektara olaanaa inistiitiyuutii Armaawer Hansan piroofeesar Afawarq Kaasuudha. Badhaasichi barsiisaa inistiitiyuutii teeknooloojii Yuunivarsiitii jimmaa doktar Yaadannoo Yaazaachoo Taayyee, ogeessa olaanaa laaboraatoorii Yuunivarsiitii Arsii doktar Shimallis Tashoomee Ayyaalneh fi gargaartuu barsiiftuu Yuunivarsiitii Finfinnee adde Saaroon Fiqaaduuf kennameera. Bakka bu’oonni embaasii Noorweey fi Swiidiin, hooggantoonni olaanoo ministeera fayyaa, inistiitiyuutiin qorannoo Armaweer Hansan, hoogansii fi hojjettoonni hoospitaala komrihensiiv Alart, barattoonni waldhaansaa fi keessummoonni waamaman sagantaa badhaasaa kanarratti argamaniiru.
Qorattoonni Yuunivarsiitii Chiikaagoo pilaanetoota walitti hiiqan 6 argachuusaanii ibsan
Nov 30, 2023 218
Sadaasa 20/2016 (TOI)- Qorattoonni Ameerikaa Yuunivarsiitii Chiikaagoo pilaanetoota walitti hiiqan 6 argachuusaanii beeksisan. Pilaanetoonni argaman jedhaman sochiin ofiisaaniirra fi marsaa sirna biiftuutti taasisan sirna kan eegee fi toftaa muuziqaa kan qabu ta’uusaa qorattoonni suuraa ifa taasisaniin ibsaniiru. Pilaanetoonni ‘HD’ 110067 jedhamuun moggaasfaman kuusaa urjii Koomaa Beereeniisis jedhanurraa waggaa ifaa 100 nifagaatu jedhamuusaa kitaabee qorannoo Neecheer jedhamu eeruun ‘UPI’ fuula marsariitiisaarratti gabaaseera. Pilaanetoonni argamuunsaanii akkaataa uumama pilaanetootaa fi jijjiiramni suutaa ilaalcha haaraa uumuu nidanda’a kan jedhan dursaan garee qorattootaa Raafaa’eel Liiyuuk, “argannoowwan akkasii qaamoleen naannawa pilaanetii Neppitiyuun jiran akka beekaman carraa uuma” jechuusaanii gabaasichi yaadachiiseera. “Akaataa uumama pilaanetoota biroo sirna biiftuu ardiin irra jirtuu ala jiranii, turtii, waanti irraa hojjetaman bishaan qabachuusaanii fi dhimmoonni biroon ka’umsa qoranichaa akka ta’u dandeessiseera” jedhaniiru qorattoonni. Saatalaayitootae Ejensiin qorannoo biyyaalessaa samii Ameerikaa Naasaan dhaabbata qorannoo samii Awurooppaa waliin ta’uun erganiin amma ifaa urjichaa, walittihidhamiinsa urjiilee biroo waliin qaban ilaaluun akka danda’ames ibsameera. Akka ibsa qorattoota kanneeniitti pilaanetoonni fageenya walii ittiin eegsisan sirna Reezoonaansi jedhamu kan qaban waan ta’eef urjiiwwan naannawa biiftuu jiran marsaa taasisaniin walitti bu’iinsi uumamuu danda’u xiqqaa ta’uu gabaasa Kanaan ibsameera.
Jiddugaleessawwan qorannoo sanyii filatamaa teeknooloojiiwwan haaraa waliin qindeessuun oomishtummaa qonnaan bultootaa guddisaa jiru.
Nov 23, 2023 95
Sadaasa 13/2016 (TOI) - Jiddugaleessawwan qorannoo Qonnaa godina Harargee Bahaa fi Lixaatti argaman sanyii filatamaa teeknooloojiiwwan haaraa waliin qindeessuun qonnaan bultootaaf dhiheessuun oomishtummaa qonnaan bultootaa guddisuuf hojjechaa jiru jedhame. Tiraansifoormeeshinii Qonnaa Oromiyaatti Kilaastarri Bahaa gamagama raawwi hojii waggaa magaalaa Harariitti taasisa jira. Hoggantoonni jiddugalawwaan qorannoo qonnaa waltajicharratti argaman akka himanitti gosoota sanyii filatama midhaanii fi bunaa adda addaa teekinolojiiwwaan haaraa waliin windeessuun qonnaan bultootaaf dhihessuun oomishitummaan qonnaan bulaa akka dabalu taasifamaa jira. Bara 1997 kan hundaa'e jiddugaleessi qorannoo Qonna Machaaraa omishitummaa Bunaa dabaluuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu hogganaan jiddugalichaa obbo Faqqadaa Gammachuu himaniiru. Haaluma kanaa jiddugaleesichi bara 2003 irraa eegalee sanyii bunaa 4 irratti qorannoo taasisaa ture qonnaan bultoota godina Harargee Bahaa, Harargee Lixaa, Arsii fi Baaleef rabsamuu himaniiru. Jiddugaleesichi qorannoo midhaanii fi nyaata beelladaarrattis bal'inaan hojii qorannoo hojjechaa jiraachuu himaniiru. Sanyiin Boloqqee oomisha fooyyee qabu kennaan 2 fi sanyiiwwan nyaata beelladaa ooyiruu qonnaan bultootarratti makafamaa jiraachuu himaniiru.
Kennisa tajaajila mana qopheessaa magaaloota Itoophiyaa gara dijitaalaatti ceesisuuf hojjetama jira.
Nov 22, 2023 101
Sadaasa 12/2016 (TOI) - Kennisa tajaajila mana qopheessaa magaaloota Itoophiyaa gara dijitaalaatti ceesisuuf hojjetama jiraachuu Ministirri Magaalaa fi bu'uuraalee misoomaa Caaltuu Saanii beeksisan. Gamaggamni raawwii hojii mootummaa kurmaana 1ffaa bara 2016 bakka ministirri Muummee argamanitti geggeeffama jira. Raawwii hojii ministeera magaalaa fi bu'uuralee misoomaas waltajjii kanarratti gamagamameera. Minstirri Magaalaa fi bu'uuraalee misoomaa Caaltuu Saanii akka ibsanitti; kurmaana jalqabaa kanatti kennisa tajaajila mana qopheessaa ammayyeessuuf hojiin baay'een hojjetameera. Magaaloonni jaha sadarkaa tajaajila isaanii mana qopheessaan akka hojiirra oolchan karoorfamee gara hojiitti galamuu himaniiru Hojii kanaanis tajaajila mana qalmaa, misooma magariisaa fi miidhagina magaalaa, balfa gatuu, hayyama ijaarsaa fi dameewwan birootiin tajaajila isaanii akka haaromsan taasifamaa jiraachuu ibsaniiru. Kenniinsa tajaajila mana qopheessaa ammayyeessuun gara dijiitaalaatti ceesisuuf magaalota Qabridaar, Jijjigaa, Debrabiraan fi Bishooftuurratti hojjetamaa jira jedhaniiru. Muuxannoo magaalota kanneen keessatti argamu gara birootti babal’isuuf karoorri akka jiru hubachiisaniiru. L Sirna bulchiinsa lafa magaalotaa ammayyeessuuf sirna kaadastaraan galmeen eegalamuusaa ministirri kun eeraniiru. Kunis tajaajila gahumsa qabu kennuu fi gochaalee malaammaltummaa ittisuuf kan dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Kurmaana kana keessa tajaajila mana qopheessaa magaalota irraa birriin biiliyoona 6.8 walitti qabamuu eeraniiru.
Ispoortii
Ispoortiitti fayyadamuun walitti hidhamiinsa hawaasummaa cimsuun nageenya waaraaf fayyadamuun nibarbaachisa
Nov 30, 2023 46
Sadaasa 20/2016 (TOI )- Ispoortiitti fayyadamuun walitti hidhamiinsa hawaasummaa cimsuun nageenya waaraaf fayyadamuun nibarbaachisa jedhan af-yaa’iin naannoo Baaniishaangul Gumuz doktar Tamasgeen Disaasaahubachiisan. Ayyaana saboota sablammootaa fi ummattootaa 18ffaa sababeeffachuun naannoo Beeniishaangul Gumuz godina Matakkal magaalaa Gilgal Balasitti har’a dorgommiin fiigichaa dirreerraa taasifameera. Af-yaa’iin mana maree naannichaa doktar Tamasgeen Disaasaa wayita kana akka jedhanitti faayidaa Ispoortiin qabu nageenya waaraaf oolchuu barbaachisa. "Ispoortiin walitti hidhamiinsa hawaasaa cimsuuf faayidaa olaanaa qaba” kan jedhan af-yaa’ichi, haala Kanaan Ispoortii nageenya waaraa buusuuf fayyadamuun akka barbaachisu hubachiisaniiru. Kaayoon dorgommii kanaa ayyaanicha sababeeffachuun hariiroo waliinii cimsuu ta’uu kan ibsan ammoo komishinarii komishinii Ispoortii naannichaa Yuusuuf Bashiri. Hooggantoota naannichaa olaanoo dabalatee jiraattonni magaalaa Gilgal Balasii fi naannawashee dorgommii dirree kiiloo meetira sadii kanarratti hirmaataniiru.
Piriimer Liigiin Itiyoophiyaa addaan cite ture har’a nijalqabama
Nov 30, 2023 44
Sadaasa 20 /2016 (TOI) Taphni Piriimer Liigiin Itiyoophiyaa sababa dorgommiiwwan idil addunyaatiin guyyoota 27’f addaan cite ture taphoota lama taasifamaniin har’a nijalqabama. Har’a guyyaa keessaa sa’aatii 9tti Dirreedawaa Kanamaa Walayittaa Diichaa waliin, galgala sa’aatii 12tti Ambarichoo Duraamee Faasiil Kanamaa waliin nitaphatu Boru guyyaa keessaa sa’aatii sagalitti Itiyoophiyaa Madin Machaal, sa’aatii 12tti magaalaan Shaashamannee magaalaa Walqixxee waliin nitaphatu. Taphoonni kunneen Istaadiyeemii saayinsii fi teeknooloojii Adaamaatti taphatamu. Qiddus Goorgis Liigicha qabxii 13’n yemmuu dursu Shaashamannee kanamaa qabxii tokkoon sadarkaa xumuraarratti argama.
Gareen waaliyaa Burkiinaa Faassoon mo’ame
Nov 21, 2023 129
Sadaasa 11/2016 (TOI)-Gareen biyyaalessaa Itiyoophiyaa tapha ramaddii 2ffaa calallii Waancaa Addunyaatiin Burkiinaa Faassoo waliin taphatee goolii 3 fi 0’n mo’ameera. Goolii kanneen Bilaatii Turee daqiiqaa 49ffaa, Bartiraand Tiraa’oree(F) daqiiqaa 78ffaa, Daangoo Otaatiraa daqiiqaa 90ffaarratti Burkiinaa Faassoof galchaniiru. Gareen Waaliyaa tapha calallii ramaddii 3ffaa fi arfaffaa Giinii Bisaa’oo fi Jibutii Waliin akka taphatan beekameera.
Gareen Waaliyaa calallii waancaa addunyaatiif gitasaa Burkiinaa Faassoo waliin har’a nitaphata
Nov 21, 2023 140
Sadaasa 11/2016(TOI)- Gareen biyyaalessaa Itiyiyoophiyaa dhiirotaa calallii Waancaa addunyaa tapha ramaddii 2ffaa gitasaa har’a sa’aatii 10tti Burkiinaa Faassoo waliin nimorkata. Gareen biyyaalessaa Itiyoophiyaa tapha kanaaf Istaadiyeemii Kaazaabilaankaa Molaay Rashiiditti shaakalaa kan ture yemmuu ta’u, tapha har’aatiin dura kaleessa shaakallii xumuraa taasiseera. Gareen biyyaalessaa Itiyoophiyaa har’a sa’aatii 10tti Istaadiyeemii El-Abdiitti Burkiinaa Faassoo waliin akka taphatu odeeffannoon federeeshinii kubbaa miilaa Itiyoophiyaarraa argame nimul’isa. Abbaan murtii Jaameeh Lemiin Gaambiyaarraa tapha kana kan taphachiisu yemmuu ta’u, lammiileen biyyasaa Jaawoo Abdul’aziiz (gargaaraa), Daarboo Omaar (gargaaraa), Saalaah Omaar (afraffaa) akkasumas Awuyyee Yuusuuf Yugaandaarraa komishinarummaan ramadamaniiru.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad pirezidaantii Kuubaa Miigweel Diyaaz-Kaanaal waliin mari’atan
Dec 1, 2023 285
Sadaasa 21/2016 (TOI)- Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad yaa’ii koop28 cinaatti pirezidaantii Kuubaa Miigweel Diyaaz-Kaanaal waliin mari’atan. Hooggantoonni lamaan itti gaafatama jijjiirama haala qilleensaa addunyaa, tumsa biyyoota lamaanii fi dhimmoota misooma biyyaalessaa ilaalchisuun mari’achuusaanii odeeffannoon waajjira ministeera dhimma alaa ni’eera. Ministirri muummee doktar Abiyyi ahimad yaa’ii koop28 cinaatti pirezidaantii Kuubaa Miigweel Diyaaz-Kaanaal kan haasosfsiisan agarsiisa ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaa (Paaviiliyoon) ilaalchisuuni.
Emereetonni Araba Gamtoomanii furmaatilee dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaaf doolaara biiliyoona 30 kennuuf waadaa galte
Dec 1, 2023 34
Sadaasa 21/2016 (TOI)- Emereetonni Araba Gamtoomanii furmaatilee dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaaf yaalii taasifamuuf doolaara biiliyoona 30 kennuuf waadaa galteetti. Pirezidaantii Emereetota Araba Gamtoomanii sheeh Mahaammad Biin Zaayid Al Nahiyaan yaa’ii koop28 wayita banan dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaa sadarkaa addunyaatti qolachuu fi rakkinicha furuuf biyyisaanii yaalii taasifamu deeggaruuf doolaara biiliyoona 30 akka gumaachitu waadaa galaniiru. Maallaqni kun yaalii dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaa qolachuu fi to’achuuf taasifamu keessatti hanqina faayinaansii mudatuuf oolchuu fi cimsuuf akka oolu dubbataniiru. Sheek Mahaammad Biin Zaayid damee anniisaa qulqulluurratti invast gochuu fi cehumsa anniisaa qulqulluu taasisuuf dhiheessiin faayinaansii gahaa gufuu ta’uu ibsaniiru. Koop28 furmaatilee dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaaf biyyoonni akka tumsan, akka mari’atanii fi murtiilee akka dabarsan yaaduun kan qophaa’edha jedhaniiru. Dhiibbaalee jijjiirama haala qilleensaa qolachuuf biyyisaanii hojii hedduu hojjechuushee eeranii, keessumaa baay’ina gadhiisii kaarboonii akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 2030tti harka 40 hir’isuu fi bara 2050tti ammoo zeerootti gadi buusuun waliigaltee irra gahame milkeessuuf damee anniisaa qulqulluurratti invast gochaa akka jirtu ibsaniiru. Yaa’iin waggaa haala qilleensaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii Dubaayitti taa’amaa kan jiru yemmuu ta’u, hooggantoonni biyyootaa jijjiiramni haala qilleensaa keessumaa dhiibbaa geessisu qolachuuf fandii irraa eegamu ramaduuf waadaa nigalu jedhameetu eegamaa.
Doktar Abiy Ahimad; Sheek Mahaammad Biin Zayiid bakka argisiisa ashaaraa magariisaa Itoophiyaatti argamuun waan daawwataniif galateeffatan
Nov 30, 2023 39
Sadaasa 20/2016 (TOI) - Ministirri Muummee FDRI dooktar Abiy Ahimad Pireezidaantii Gamtaa Emereetota Arabaa Sheek Mahaammaad Biin Zayiid Al Nahayaaniin bakka argisiisaa ashaaraa magariisaa Itoophiyaatti argamuun waan daawwataniif galateeffatan Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad karaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin “Hojii Itoophiyaan jijjiirama haala qilleensaa dandamachuuf karaa sagantaa ashaaraa magariisaatiin hojjechaa jirtu bakka agarsiisaa COP28’tti argamanii daawwachuusaaniif obboleessa koo Sheek Mahaammad Bin Zayed Al Nahyaniin nan galateeffadha” jedhaniiru. Itoophiyaan hojiilee ashaaraa magaariisaa ishee argisiisa yaa’ii COP28 irratti beeksisaa jiraachuu ragaan Waajjira Ministira Muummeerraa argame ni mul’isa.
Itiyoophiyaan hojiiwwan misooma magariisaa yaa’ii koop28 irratti agarsiisaa jirti
Nov 30, 2023 29
Sadaasa 20/2016 (TOI) –Itiyoophiyaan hojii misooma magariisaarratti hojjechaa jirtu agarsiisa Itiyoophiyaa koop 28 (Paaviiliyoon) irratti beeksisaa jirti. Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad fi sheeh Mohaammed Biin Zaayid Al Naahiyaan baniinsa agarsiisichaan dura paaviiliyoonii Itiyoophiyaa daawwachuusaanii waajjirri ministira muummee beeksiseera.
Gabaasa addaa
Kabaja ayyaana bara haaraa irratti balaan tasaafi ibidda osoo hin mudatiin nagaan kabajameera.
Sep 13, 2023 785
Fulbaana 2/2016 (TOI) - Magaalaa Finfinneetti ayyaanni bara haaraa osoo balaan ibiddaafi kanneen biroon hin mudatiin nagaan kabajamuu Komishiniin hoggansa Ibiddaafi sodaa balaa beeksise. Hawaasni ergaawwaan ofeeggannoo kenna haalaa hojiirra oolchuuf deegarsaa taasiseef komishiniichi galateeffateera. Ogeessii kominikeeshinii Komishinichaa obbo Nigaatuu Maammoo jala bultii kabaja ayyaana bara haaraa irraa jalqabee balaan ibiddaafi balaan tasaa biroo osoo hin mudatiin darbuu himaniiru. Hojii hubannoo uumuu hojjetameen hawaasni ogeeffannoo barbaachisaa waan taasiseef balaan osoo hin mudatiin ayyaanichi karaa nagaa akka kabajamuu ta'uu keessatti gahee olaanaa qaba jedhaniiru. Sababoota Balaa ibiddaafi balaa tasaa uumuu danda'an hubachuun hojiirra oolchuun hawaasa biratti baratamaa dhufuu himanii, kunis balaan tasaa akka hin mudanee gahee olaanaa bahaa jira jedhaniiru. Ayyaanaoonni gara fuula duratti kabajamanis karaa nagaa akka kabajamaniif komishiinichi qophii gahaa taasisee kan jiru ta'uu himanii hawaasni sababoota balaa ibiddaafi balaa tasaa biroo uumuu danda'an irraa cimsee akka of eeguu hubachiisaniiru. Balaan ibiddaafi balaan tasaa biroo yoo mudate bilbila bilisaa 939, bilbila kallaatti 0111-55-53-00 ykn በ0111-56-86-01 bilbiluun beeksisuun Komishiinichi deebii hatattamaa balaa uumameef akka kennu beeksisaniiru.
Balaa konkolaataan lubbuun namoota 6 darbe
May 29, 2023 2132
Caamsaa 21/2015 (TOI) – Naannoo Harariitti balaa Tiraafikaa qaqqabeen lubbuun namoota 6 darbuu Komishiniin Poolisii naannichaa beeksiise. Balaan kun kan qaqqabee kaleessa galgala harkan saatii 4:30tti ganda Soofa qilee bakka jedhamutti akka ta'ee Komishiinii poolisii naannichaatti qorataan olaanaa balaa Saajin olaanaa Raastaam Mazihaar himaniiru. Konkolaataan fe'umsaa Azuuzuu lakkoofsa gabatee 3- 88036( Oro) meeshaa fe'ee Awwadaay irraa gara Jijjigaadeemu jiraatoota naannaawwichaa hamaamoota missirroo cidharra jiran waliin jiranitti bu'uun daandiirra bahee garagaluun balaa kun mudachuu himaniiru. Balaa kanaan namoota umuriin isaanii waggaa 20 hanga 25 ta'uu kanneen cidharra jiran jaha lubbuun isaanii darbuu himanii kanneen keessaas shan dubartoota ta'uu himaniiru. Dabalataan namoota 8 irra balaan salphaafi cimaan kan gahe yoo ta'u hospitaalatti waldhaansi fayyaa taasifamaafii jiraachuu himaniiru. Yeroodhaaf konkolaachisaan konkolaticha oofuu kan miliqe yoo ta'uu to'annaa jala oolchuuf hordoffiin taasifamaa jiraachuu himaniiru. Sababni balichaas qoratama jiraachuu himaniiru.