ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Dhaabbatichi kalaqoota teeknooloojii fi intarpiraayizoota of danda’an horachuun qoodasaa bahachaa jira
Sep 25, 2026 46
Fulbaana 15/2019 (ENA)- Inistiitiyuutiin leenjii teekniikaa fi ogummaa FDRI kalaqoota teeknooloojii fi intarpiraayizoota of danda’an horachuun qoodasaa bahachaa jiraachuu ibse. Dhaabbatichi hojiisaa hawaasaaf beeksisuuf kan isa gargaaruu fi guyyoota 15’f kan turu ‘torban odeeffannoo’ ilaalchisee ibsa kenneera Itti aanaan daarektara olaanaa inistiitiyuutichaa Dr. Habtaamuu Mulugeetaa wayita kana, dhaabbatichi woorkishooppiiwwan gurmaa’an, laaboraatooriiwwanii fi bakka itti shaakalamu qabaachuunsaa dargaggootaaf dandeettii fi carraa guddaa akka uumu ibsaniiru. Dhaabbatichi dargaggoonni carraa hojii uumuu isaan dandeessisu akka isaaniif argamsiise eeraniiru. Haala Kanaan dhaabbatichi kalaqoota teeknooloojii biyyattii guddisuu danda’anii fi በintarpiraayizoota of danda’an horachuudhaan qoodasaa bahachaa akka jiru ibsaniiru. Barattoota bara 2019 simatuuf barnoota bu’a qabeessa kennuuf qophii ga’aa taasisuusaa dubbataniiru. Waggoottan lamaan darban qofa fedhii yeroon barbaadu kan guute sagantaawwan haaraa 11 ta’aneegaluusaanii beeksisaniiru. Kanneen keessaa sagantaan leenjii hubannoo nam-tolchee(AI) isa tokko yoo ta’u, sagantaa Kanaan bara 2018 irraa eegalee barattoota simatee leenjisaa akka jiru ibsaniiru. Itti aantuun daarektara olaanaa inistiitiyuutichaa Tsadaalee Takluu gamasaaniin, inistiitiyuutichi xiyyeeffannoon qulqullina barnootaaf kenne bu’aa qabatamaa fidaa jiraachuu ibsaniiru. Dhaabbatichi kaampaasiisaa muummeetti beekamtii ISO 9001:2015 mirkaneessuusaa dubbataniiru.
Magaalaa Finfinneetti Motor bishkiliitii konkolaachisuun yeroo hin murtoofneef dhorkameera-Poolisii
Sep 25, 2026 50
Fulbaana 15/2019 (ENA)- Har’a Fulbaana 15 bara 21018 irraa eegalee magaalaa Finfinneetti Motor bishkiliitii abbaa miila lamaa konkolaachisuun dhorkamuusaa qajeelchi walii galaa olaanaa Poolisii Finfinnee beeksise. Kanneen yakka raawwatan tokko tokko motor bishkiliitiitti gargaaramuun yakka hannaa osoo raawwatanii qabamanii qoratamaa akka jiran ibsameera. Kanneen yakka raawwatan bakkaa bakkatti socho’uu fi meeshaalee hataman fuudhanii deemuuf irra caalaa motor bishkileetii akka fayyadaman beeksiseera. Konkolaachiftoonni motor bishkiliitii hedduun danbii tiraafikaa akka hin kabajnee keessumaa ibsaa diimaa darbanii deemuu,konkolaattota birootti bu’uun miliquu, qoobii (heelmeettii) osoo hin keewwatiin konkolaachisuu, lakkoofsa saleedaa luqqa’ee fi argamuu hin dandeenye fayyadamuun rakkoo konkolaachiftoota bishkiliitiirratti mul’atan ta’uu poolisiin ibseera. Yakka ittisuu fi danbii konkolaachiftoota bishkileetiin raawwatamu to’achuuf har’a Fulbaana 15 bara 2015 irraa eegalee Koodii 4 fi bishkiliitii poolisiin ala Magaalaa Finfinnee keessa motor bishkileetii abbaa miila lamaa konkolaachisuun dhorkamuusaa qjeelchi walii galaa olaanaa poolisii Finfinnee beeksiseera. Konkolaachiftoonnii fi abbootiin motor bishkileetii waan barbaachisu akka raawwatan poolisiin hubachiisee haa ta’u malee kanneen hubachiisa cabsan irratti tarkaanfiin seeraa akka fudhatamu qajeelchi walii galaa olaanaa poolisii Finfinnee beeksiseera.
Itoophiyaan Hulaa Galaanaa argachuun ishee fayyadamummaa dinagdeetiin olitti nagaa fi tasgabbii Riijinichaa mirkaneessuuf murteessaadha- Hayyoota
Sep 25, 2026 79
Fulbaana15/2019 (ENA) Itoophiyaan Hulaa Galaanaa argachuun faayidaa dinagdee argamsiisuun olitti, Riijinichatti nagaa fi tasgabbii amansiisaa mirkaneessuu fi misooma waliinii saffisiisuuf tattaaffii taasisaa jirtu caalaatti fooyyessuuf akka gargaaru hayyoonni Yuunivarsiitii Jimmaa dubbataniiru. Itoophiyaan waggoota kurnan sadan darbanitti daldala al-ergiis ta’e alaa kan galchitu dhibbentaa 95 ol kan ta'u kaffaltii tajaajilaa fi kiraatiif buufata doonii Jibuutiif baasaa turteetti. Hirkatummaan hulaa galaana kun karoora dinagdee goorootiif qormaata ta’uun olitti nagaa fi tasgabbii Riijinichaa fi sochii Jii’oopolotiksii keessatti qabdu daangessaa tureera. Mootummaan Itoophiyaa dhiyeenya kana hula Galaanaa argachuun dhimma jiraachuu, nageenya biyyaa fi misooma yeroo dheeraa ta'uu isa ibsuun, qajeelfama waliin misoomuu fi waliin fayyadamuu irratti hundaa'eetti tattaaffii dippilomaasii taasisaa jiraachuun ni beekama. Hayyoota Yuunivarsiitii Jimmaas Itoophiyaan hula galaanaa argachun ishee fayyadamummaa dinagden alattis, nageenya Galaanaa Riijinichaa eeguu fi walitti hidhamiinsa dinagdee waliinii ariifachiisuu keessatti gumaacha taasisaa jirtu gara sadarkaa ol'aanaatti kan ceessisudha. Yuunvarsitii Jimmaatti Barsiisaa fi Qorataan Kutaa Barnoota Bulchiinsaa Yuunivarsiitichaa Dr. Badaassaa Firaajaa akka jedhanitti, Itoophiyaan hula galaanaa Diimaa waliin seenaa hariiroo seenaatiin kan qabdu ta'uu isheetiin biyyattiif hula ganaanaa argachuun bu'aa ol'aanaa qaba. Akkasumas Itoophiyaan hula galaanaa dhabuun dinagdee Itoophiyaa irratti qofa osoo hin taane, sosochii nageenyaa Riijinichaa irrattis dhiibbaa uumuun qormaatilee garagaraatiif ishee saaxileera. Gara biraatiin Barsiisaa fi Qorataan Inistitiyuutiitti Teeknoolojii Yuunivarsiitichaatti Barsiisaa Maandisa Bishaanii fi Gargaraa Piroofeesaraa Mamuuye Buseer , dhimmi hula galaanaa faaayidaa diinagdee Itoophiyaa waliin kallattiin kan walqabatu ta'uu isaa kaasaniiru. Akka gargaraan Piroofeesaraa Mamuuyeen jedhanitti, Itoophiyaan seenaa ishee keessatti humna Galaanaa cimaa kan qabdu ta'uu bira darbee Galaana diimaa dhiheenyatti fayyadamaa turte. Dhumarrattis, dantaa biyyaalessa Itoophiyaa kabachiisuuf dhaloonni waliin dhaabbachuu fi nagaaf dursa kennuun hojjechuu akka qaban hayyoonni kun cimsanii gaafataniiru
Abbummaan Hulaa Galaanaa dhimma Jiraachuu akkasumas nageenya Naannichaa mirkaneessuuti
Sep 25, 2026 57
Fulbaana 15/2019 (ENA):- Itoophiyaan abbummaa hulaa galaanaa qabaachuun nageenya naannichaa mirkaneessuu fi guddina dinagdee saffisiisuuf dhimma jiraachuu ta’uu, Itti Aanaa Daayirektara Olaanaa Inistiitiyuutii Qorannoo Imaammataa, Meejar Jeneraal Ahimad Hamzaa ibsan. Itoophiyaan waggoota soddoma dura hulaa galaanaa fi qarqara galaanaa addunyaa waliin wal qunnamsiisu qabaachuu ishee seenaa keessatti galmaa’ee jira. Hulaan galaanaa daldala alaa saffisiisuuf, baasii geejjibaa meeshaalee alaa galanii fi gara alaatti ergamanii hir’isuuf, akkasumas oomisha biyya keessaa gabaa addunyaa irratti dorgomaa taasisuuf murteessaa dha. Sadarkaa addunyaatti, qindoomina teessuma lafaa, mirga qabeenya uumamaa itti fayyadamuu fi dandeettii dhiibbaa naannawaa uumuu hulaa galaanaa waliin walitti dhufeenya cimaa qabu. Itti Aanaan Daayirektara Olaanaa Inistiitiyuutii Qorannoo Imaammataa, Meejar Jeneraal Ahimad Hamzaa, ENAf akka ibsanitti, Itoophiyaan hulaa galaanaa kana kan dhabde dogoggora ilmaan isheetiiniifi shira humnoota alaa qindaa’een akka ta’e ibsaniiru. Gaaffiin Itoophiyaan hulaa galaanaa argachuu dhiyeessitu nagaa, seera qabeessa fi abbummaa kabachisuu irratti kan hundaa’e dhimma jiraachuu ta’uu ibsaniiru. Gaaffiin Itoophiyaan abbummaa hulaa galaanaa argachuuf qabdu deebii argachuun, faayidaa dinagdee Itoophiyaa qofa osoo hin taane, biyyoota ollaattis fayyadamaa akka taasisuu dubbataniiru. Itoophiyaan durii kaasee bilisummaa, nageenyaa fi tasgabbii Afrikaa keessatti fakkeenya ta’uu ibsanii, nageenyaa fi tasgabbii naannichaaf dandeettii guddaa akka qabdu eeraniiru. Hulaa galaanaa argachuun Itoophiyaaf tasgabbii siyaasaa fi nageenya naannichaa cimsuu bira darbee, faayidaa dinagdee olaanaa akka qabu ibsaniiru. Kunis, dippilomaasii fi dandeettii dhiibbaa uumuu Itoophiyaa daran guddisuu keessatti gahee olaanaa akka qabu dubbataniiru
Keessummoota Ayyaana Masqalaa Kabajuuf gara maatiisaanii deemaniif gaggeessan taasifame
Sep 25, 2026 71
Fulbaana 15/01/2019 (ENA):Bulchiinsi Magaalaa Shaggar Keessummoota Ayyaana Masqalaa Kabajuuf gara Magaala Karra Qoree qaxxaamuruun gara maatiisaaniitti imalaniif gaggeessaan daandiirraa taasifamee jira. Uummatni Oromoo kabaja, jaalalaa fi Aadaa wal-danda'uu duudhaa isaa keessatti horateen Uummata fakkeenyummaa qabudha. Keessummaa simachuu fi kabajaan gaggeessuun sonawwan jireenya hawaasummaa keessatti Uummanni Oromoo ittiin beekamu yoo ta'u, kunis wal-danda'uu fi waliin jireenya cimsuurra darbee daneessummaa fi wal-kabajuu irratti bu'uureffachuun walooma dagaagsaa jira. Haaluma kanaan Magaalaa Shaggar kutaa magaalaa Sabbataatti keessummoota Ayyaana Masqalaa kabajuuf Seensa Shaggar Karra Qoree keessa qaxxaamuruun gara maatii isaaniitti Naannoo Gidduu galeessa Itoophiyaa fi bakkeewwaan birootti imalaniif gaggeessaan daandiirraa taasifameera. Kaayyoon sagantichaa imaltoonni rakkoo Balaa Tiraafikaa tokko malee socho'uun nagaan ayyaanicha akka kabajaniif hubannoo kennuuf kaayyeffatee kan qophaa'e ta'uun ibsameera. Kana malees kabajaa fi Aadaa keessummaa simachuu calaqqisiisuun cinatti,hawwii gaarii imaltootaaf kan ittiin ibsamuu fi hubannoon ittisa balaa tiraafikaa kan ittiin taasifamu ta'uun ibsameera. Bulchaa kutaa Magaalichaa Dr.Halaakee Waaqoo, masqalli ayyaana guddaa fi mootii ayyaanaa hawaasa bal'aan kabajamu ta'uu kan himan, kanaafis imaltoota ayyaanicha kabajuuf gara maatii isaaniitti imalan nagaan akka kabajaniif sochii geejjibaa naga-qabeessa taasisuuf sagantaa qophaa'e ta'uu ibsaniiru. Daayireektarri Dhiheessii Geejjiba Oromiyaa Obbo Musbaddin Abdulmajid Sagantaaicharratti argamuun hojiin magaallii shaggar imaltootaaf qopheesse kun kabaja,Aadaa hammattummaa, wal-danda'uu fi guddummaa Oromoo kan ibsu ta'uu hojiin Magaalaa Shaggaritti Aadeffatames agarsiistuu ta'uu dubbataniiru. Imaltonni seera tiraafikaa eeguun balaa tiraafikaan dubbuu darbu ittisuuf qooda isaan irraa eegamu akka bahatan dhaamaniiru. Sagantaa gaggeessaa kana irrattis abbootii Gadaa, qeerroowwan akkasumas hooggantootni sadarkaan jiraniifi hawaasni kutaa magaalaa Sabbataa argamaniiru jechuun kominikeeshiniin magaalaa shaggar gabaaseera
Siyaasa

Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Daawwannaa hojiif yeroo Jibuutii galaniiru.
Sep 24, 2026 454
Fulbaana 14/2019(ENA) Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Daawwannaa hojiif yeroo Jibuutii ga'an, Pirezidaanti Ismaa'il Umar Giilee simannaa ho'aa taasisaniifiru. Hoggantoonni lamaan hariiroo dinagdee Itoophiyaa fi Jibuutii jidduu jiru caalaatti cimsuuf pirojektii waloo kaayyeffatee ifa kan itti godhamu irratti akka hirmaatan odeeffannoon waajjira ministira muummeerraa argame mul'isa
komishinarri komishinii Poolisii Mootummaa Naannoo Tigraay duraanii Mejer Jenaraal Gebre Adihaanaa gara mootummaatti galan
Sep 24, 2026 295
Fulbaana 14/2019 (ENA) – Komishinara Komishinii Poolisii Mootummaa Naannoo Tigraay ta'anii tajaajilaa kan turan, Mejar Janaraal Gebre Adihaanaa ergama TPLF diinota waliin ta'uudhaan biyya diiguuf qabate mormuudhaan gara mootummaa federaalaatti galaniiru. Mejar Janaraal Gebren Raayyaa Ittisa Biyyaa keessatti sadarkaa hooggansa ol'aanaarra kan tajaajilan yoo ta'u, hanga TPLF biyyarratti gantummaa raawwatutti Hoogganaa Muummee Odeeffannoo Raayyaa Ittisa Biyyaa ta'anii tajaajilaniiru. Janaraalichi TPLF irraa gargar ba’uun isaanii gareen badii kun ummata Tigraay rakkoo dabalataaf saxiluuf akka deemaa jiru kan ifatti agarsiisudha.
Mootummaa haaraa, injifannoo olaanaa!
Sep 23, 2026 670
Paartiin Itiyoophiyaanonni filannoo walii galaa 7ffaan filatan guyyaan inni mootummaa itti hundeessu ifoomeera. Af-yaa’iin mana maree bakka bu’oota ummataa Taaggasee Caafoo har’a akka ifoomsanitti, barri hojii mana marichaa baatii Fulbaanaa torban xumuraatti akka eegalu akkaataa heera mootummaa keewwata 58 keewwata xiqqaa 2 irratti tumameen hundeeffamni mootummaa fi sirni baniinsaa mana marichaa Fulbaana 25 bara 2019 gaggeeffama. Akkaataa heera mootummaa keewwata 56 irratti ibsameen paartiin siyaasaa teessoo caalmaa argate qama seera raawwachiiftuu mootummaa federaalaa kan gurmeessu yoo ta’u, qaamni seera raawwachiiftuu haaraan guyyaa kana ifatti itti gaafatama fudhata. Filannoon walii galaa 7ffaa filattoonni mil.54 ol, paartileen siyaasaa 42 fi kaadhimamtoonni kuma 10 fi 438 irratti hirmaatan taatee dinqisiifamudha. Filannichi Itiyoophiyaan naanichatti biyya guddoo ta’uushee kan agarsiisedha. Filannichi bilisa, hirmaachisaa fi demokiraatawaa akka ta’u gochuun bu’a qabeessummaan xumuruushee heddoonni dinqisiifataniiru. Qoonni ji’oo-siyaasaa Itiyoophiyaan naannoo Afriikaa bahaatti bahachaa jirtu guddaa ta’uusaatiin filannoon demokiraatawaa biyyattiitti gaggeeffame filannichi tasgabbii siyaasaa naannichaa kan gabbisu mallattoo gaariidha. Yeroo ammaa Itiyoophiyaan heera mootummaarratti hundaa’uudhaan mootummaa haaraa hundeessuudhaan hojiitti galuuf guyyaa murteessitee qophii xumurteetti. Mootummaan haaraan Fulbaana 25 bara 2019 hundeeffamu ummata Itiyoophiyaa mil. 130 ol ta’u waliin waliigaltee hawaasaa haaraa (Social Contract) kan itti raawwatamu boqonnaa seena qabeessadha. Mootummaan haaraan hundaa’uunsaa fooyyessa dinagee gurguddoo karoorfaman, jijjiiramoota caaseffamaa fi pirojektoota misoomaa ofitti amanummaa guutuudhaan raawwachiisuuf carraa dabalataa fi humna uuma. Mootummaan federaalaa bara bajataa 2019’f kan oolu birrii tiriiliyoona 2 tuqaa 34 raggaasuunsaa ni yaadatama. Bajanni kun dinagdee biyya keessaa maddu cimsuu fi liqii daldalaa biyya alaa hir’isuurratti kan xiyyeeffate yoo ta’u, guddinni omisha biyya keessaa walii galaa (GDP)’n cimee akka itti fufu bu’ura akka kaa’u amanameera. Fooyyessi dinagdee man-dhalee hojiirra oolaa jiran, qaala’insa gatii dijitii tokkotti xiqqeessuuf tattaffiin eegalame bu’aa agarsiisaa kan jiru yoo ta’u fooyyessi kunneen akka itti fufan ni eegama. Carraan hojii fi fooyyessi jireenyaa dubartootaa fi hawaasa baadiyyaaf taasifaman, rakkoo mana jireenyaa furuuf maneen miiliyoonaan lakkaa’aman ijaaruunii fi pirojektoota anniisaa fi jallisii maddisiisan guutummaatti xumuruun hojii mootummaa haaraarraa eegaman keessaayyu. Ijaarsa dinagdee dijitaalaa amma caasaa gadiitti buusuun akkasumas lammiileen tajaajila mootummaa si’ataa akka argatan gochuun bu’aa bayii birokiraasii dhabamsiisuu fi yeroo jiru gara oomishtummaatti ibsituu bara haaraa akka ta’u ni eegama. Milkaa’ina Itiyoophiyaan gama dippilomaasiin argatte itti fufsiisuun akkasumas qophiin koop 32 xiyyeeffannoo ni argatu. Koop 32 milkaa’ina dippilomaasii magariisaa Itiyoophiyaa kan agarsiisu yoo ta’u, itti fayyadama haqa qabeessa galaana diimaa fi laga Abbayyaa irratti tattaaffiin karaa nagaa fi dippilomaasii cimanii itti fufu. See less
Dachee abdii-Itiyoophiyaa badhaate
Sep 23, 2026 477
Siyaasa biyya tokkoo keessatti hirmaannaa lammiilee mirkaneessuun barbaachisaa fi dhimmoota bu’ura ta’an keessaa isa tokkodha. Hirmaannaan kun dirree siyaasaa hammattummaa mirkaneesseen yemmuu deeggaramu sirna siyaasaa biyya keessaa tasgabbeessuuf bu’ura ta’a. Biyyoonni akka Itiyoophiyaa aadaa garagaraa, eenyummaa garagaraa fi ilaalchi siyaasaa garagaraa keessatti argaman sirna siyaasaa hirmaachisaa fi hammataa diriirsuun barbaachisaadha. Waggoottan darban sirni siyaasaa Itiyoophiyaa keessatti hirmaachisaa fi hammataa akka ta’u hojiin guddaan hojjetameera. Hojiileen kunneen nageenya egeree, ijaarsa sirna demokiraasii fi guddina hunda galeessaaf gumaacha olaanaa taasisaa jiru. Adeemsa ijaarsa sirna siyaasaa hammataa Siyaasni hirmaachisaa fi hammataa itiyoophiyaan itti jirtu dirreen siyaasaa akka bal’atu gumaacha guddaa taasisaa jira. Haala kanaan mootummaan ida’amuu waggoottan darban sirna siyaasaa hammataa lafa qabsiisuuf kutannoosaa qabatamaan agarsiiseera. Humnoonni siyaasaa garagaraa, waldaaleen siiviikii fi namoonni dhuunfaan wallaba ta’anii yaadasaanii akka dhiheessan, akkasumas murtoowwwan biyyaalessaa jajjaboorratti kallattiin hirmaachuu akka danda’an aangoo mootummaarratti ramadamanii biyyasaanii tajaajilaa jiru. Mootummaan ida’amuu waggoottan darban miseensota paartilee morkattootaa ministiraa fi de’eetaa ministiraa gochuun muuduunsaa akkasumas dhaabbilee mootummaa akka hoogganan kan muudaman kanaaf ragaadha. Kun ammoo sirni siyaasaa hirmaachisaa fi hammataan akka dagaagu fedhii cimaa qabaachuusaa qabatamaan kan ittiin mirkaneesse keessaa kan eeramudha. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad filannoo walii galaa 7 dura bakka bu’oota paartilee siyaasaa morkattootaa waliin marii wayita taasisan cimsanii akka kaasanitti, Itiyoophiyaa cichoomsuu fi misoomsuu irratti paartilee siyaasaa morkattootaa waliin hojjechuu barbaachisa. Dirreen siyaasaa akka bal’atu mootummaan ida’amuu kutannoosaa qabatamaan agarsiisuunsaa akka jirutti ta’ee dhimmoota waliin nama hin galchinerratti mari’achuudhaan Itiyoophiyaa cichoomsuu fi misoomsuurratti waliin hojjechuun akka barbaachisu dubbataniiru. Sirni siyaasaa tokko hirmaachisaa fi hammataa ta’uusaa kan agarsiisan keessaa adeemsa filannoo biyya tokko keessatti gaggeeffamu akka ta’e ni eerama. Xiyyeeffannoon Itiyoophiyaan hirmaachisaa fi hammattummaa akka mirkanaa’u taasifte hirmaannaan paartilee siyaasaa fi ummataa filannoo walii galaa 7ffaa bara 2018 gaggeeffamerratti akkasumas qabxiin galmaa’e kanaaf fakkeenya. Filannoon walii galaa 7ffaan jalqabarraa kaasee paartilee siyaasaa hirmaachisuudhaan wal falmii yaadaan kan itti fufee fi namoonni hedduun filachuuf kan galmaa’an hirmaannaa gudda ture. Yeroo filannoos roobni, qorri, adduun osoo isaan hin dhaabiin bariirraa amma halkaniitti filachaa turuunsaanii mudannoo seenaa yeroo dhihooti. Filannichi hirmaachisaa fi demokiraatawaa ta’uusaa paartileen siyaasaa dorgomaa ta’an dabalatee manni maree waloo paartilee siyaasaa Itiyoophiyaa akkasumas taajjabdoonni biroon mirkaneessaniiru. Dagaagina yaadota garagaraa Biyya tokko keessatti sirna siyasaa hirmaachisaa fi hammataa dagaagsuun olaantummaa seeraa fi dhaabbilee demikiraasii cimsuuf gumaacha olaanaa qaba. Haala Kanaan waggoottan darban dhaabbileen siyaasaa akka cimanii fi olaantummaan seeraa akka kabajamu xiyyeeffatamee waan hojjetameef bu’aan argameera. Bu’aan sirna siyaasaa hirmaachisaa fi hammataa kan biraan wabii fi wal amantaa siyaasaa biyyattiitti dagaagsuudha. Haala Kanaan hirmaachisummaa siyaasaa dagaagsuun wal amantaa mootummaa fi ummata jidduutti dagaagsuudhaan ummanni imaammata mootummaa hojiirra oolchuurratti miira abbummaatiin akka hirmaatu carraa uuma. Raawwii pirojektootaa waggoottan saddet darban hojjetaman eeruun ni danda’ama. Mootummaan ida’amuu waggoottan darban karoorsuu fi aadaa hojii jijjiiruudhaan milkaa’inoota hedduu galmeessiseera. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad babal’isa wiirtuu lojistiksii boqonnaa jalqabaa Mojootti ijaarame eebbisanii hojii wayita eegalchiisan ergaa dabarsaniin “Ni karoorsina; ni hojjenna; ni raawwanna” jechuun dubbachuunsaanii mootummaan imaammata misoomaasaa karaa bu’a qabeessa ta’een raawwachuuf ammam ummata waliin hojjechaa akka jiru kan mirkaneessudha.. Guddinni dinagdee biyya tokkoo tasgabbii fi hammattummaa siyaasaa biyyattii waliin hariiroo kallattii qaba. “galteen invastimantii ijoon nageenya” jechuun ibsu hayyoonni siyaasaa. Biyya nagaa fi haqni jirutti, sirni siyaasaa hammataan jirutti invastimantiin man-dhalee fi biyya ala ani babal’ata. Kun ammoo carraa hojii uumuu fi qabeenyi biyyaa akka guddatu gumaacha guddaa taasisa. Waggoottan darban mootummaan kana yaada keessa galchuun damee nageenyaarratti riifoormii gochuun guddina invastimantiif haala mijataa kan uume kanaafi. Sirna siyaasaa hirmaachisaa fi hammataa biyya tokko keessatti lafa qabachiisuun malaammaltummaa ittisuu fi rakkoolee bulchiinsa gaarii furuuf qooda qaba. Tattaaffiiwwan waggoottan darban taasifamaniin mootummaan malaammaltummaa ittisuuf kutannoo qabu qabatamaan agarsiisuun qaamolee qabeenya biyyaa kan saaman akkasumas rakkoo bulchiinsa gaarii uumuun ummanni tajaajila mootummaa argachuu qabu akka hin arganne taasisanirratti tarkaanfii fudhachaa turuunsaa ni yaadatama. Kanaaf ammoo hojmaatilee kenniinsa tajaajila mootummaa ammayyeessuuf gargaaran hordofuun tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob diriirsuun itti quufinsa tajaajilamtootaa olaanaa argamsiisaa jira. Mootummaan waggoottan darban sirna siyaasaa hirmaachisaa fi hammataa hojiirra oolchuun ummanni hojmaataa mootummaa fi kenniinsa tajaajilaarratti to’achuun qooda akka bahatu, waldaaleen siiviikii hordoffii akka taasisan jajjabeessuudhaan hanqina bulchiinsa gaarii fi malaammaltummaa hir’isuuf hojjechuusaatiin bu’aaleen quubsaan argamaniiru. Xumura Walumaa gala, sirna siyaasaa Itiyoophiyaa keessatti hirmaachisummaa fi hammattummaa mirkaneessuun filmaata osoo hin ta’iin dirqama ta’uu hojiileen mootummaan waggoottan darban gama Kanaan hojjetee fi bu’aan argame fakkeenya guddaadha. Dirree siyaasaa bal’isuudhaan sagaleen lammiilee hundaa akka dhagahamu gochuun nageenya, biyyattii fulla’aa, sadarkaa guddina biyyattii ammaa irra jirurraa caalchisuudhaan gara demokiraasii haqqaa fi badhaadhina hunda galeessaa fi fiixee olka’insaatti akka ceetu ishee dandeessisa.
Mootummaan haaraan Fulbaana 25 bara 2019 hundeeffama-Af-yaa’ii taaggasaa Caafoo
Sep 23, 2026 516
Fulbaana 25/2019(ENA)- Hundeffamni mootummaa fi sirni baniinsaa mana maree bakka bu’oota ummataa Fulbaana 25 bara 2019 akka gaggeeffamu Af-yaa’iin mana maree bakka bu’oota ummataa obbo Taaggasaa Caafoo ibsan. Filannoon walii galaa 7ffaan paartileen siyaasaa 42, kaadhimamtoonni kuma 10 fi 438 akkasumas filattoonni miiliyoona 54 irratti hirmaachuusaanii kaasaniiru. Af-yaa’ichi ergaa dabarsaniin, karaa nagaa, demokiraatawaa, haqa qabeessaa fi amanamaa ta’een milkaa’inaan xumuramuusaa ibsaniiru. Akkaataa heera mootummaa keewwata 50 keewwata xiqqaa 3 irratti ibsameen qaamni aangoo federaalaa olaanaan mana maree bakka bu’oota ummataa ta’uusaa fi itti waamamnisaas ummata Itiyoophiyaaf akka ta’e tumameera. Kana malees barri hojii mana marichaas torban xumuraa baatii Fulbaanaa guyyaa Wixataa akka eegalu heera mootummaa keewwata 58 keewwata xiqqaa 2 irratti tumameen hundeeffamni mootummaa fi sirni baniinsa mana marichaa Fulbaana 25 bara 2019 ni raawwatama. Akkaataa heera mootummaa keewwata 56 irratti ibsameen paartiin siyaasaa mana maricha keessatti teessoo caalmaa argate qaama raawwachiisaa mootummaa federaalaa akka gurmeessuu fi gaggeessu eeraniiru. Barri dhufu kan nagaa, fayyaa, gammachuu,jaalalaa tokkummaa fi badhaadhinaa akka ta’u ergaasaanii dabarsaniiru.
Pirezidaanti Taayyee Atsqa Sillaasee Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutereez waliin mari’atan
Sep 23, 2026 417
Fulbaana 13/2019 (ENA) – Pirezidaantiin FDRI Taayyee Atsqa Sillaasee, Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutereez waliin mari’ataniiru. Yaa’ii waliigalaa 81ffaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii cinaatti marii taasisaniin, dhimmoota nageenyaa fi tasgabbii naannichaa irratti mari’ataniiru. Barreessaa Olaanaan Antooniyoo Gutereez, adeemsa Itoophiyaan misooma waaraa irratti taasisaa jirtu dinqisiifachuun, dhaabbanni isaanii tumsa Itoophiyaa waliin qabu caalaatti akka cimsu mirkaneessaniiru.
Itoophiyaan yaa'ii waliigalaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii irratti hirmaannaa dammaqina qabu ni taasifti
Sep 23, 2026 377
Fulbaana 13/2019 (ENA) - Itoophiyaan yaa'ii yaliigalaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii 81ffaa irratti dhimmoota faayidaa biyyaalessaa eegsisan irratti hirmaannaa dammaqina qabu akka taasiftu Ministeerri dhimma Alaa beeksise. Yaa’ii Ameerikaa, magaalaa Niiwu Yoorkitti gaggeeffamaa jiru kana irratti, jilli ol'aanaan Itoophiyaa Pirezidaanti Taayyee Atsqasillaaseen durfamu hirmaachaa jira. Odeeffannoon Ministeera Dhimma Alaa akka agarsiisutti, Itoophiyaan waltajjii kana irratti dhimmoota faayidaa biyyaalessaa eegsisani fi dantaa waliinii qaban irratti cichoominaan ni hirmatti.

Hawaasummaa
Keessummoota Ayyaana Masqalaa Kabajuuf gara maatiisaanii deemaniif gaggeessan taasifame
Sep 25, 2026 71
Fulbaana 15/01/2019 (ENA):Bulchiinsi Magaalaa Shaggar Keessummoota Ayyaana Masqalaa Kabajuuf gara Magaala Karra Qoree qaxxaamuruun gara maatiisaaniitti imalaniif gaggeessaan daandiirraa taasifamee jira. Uummatni Oromoo kabaja, jaalalaa fi Aadaa wal-danda'uu duudhaa isaa keessatti horateen Uummata fakkeenyummaa qabudha. Keessummaa simachuu fi kabajaan gaggeessuun sonawwan jireenya hawaasummaa keessatti Uummanni Oromoo ittiin beekamu yoo ta'u, kunis wal-danda'uu fi waliin jireenya cimsuurra darbee daneessummaa fi wal-kabajuu irratti bu'uureffachuun walooma dagaagsaa jira. Haaluma kanaan Magaalaa Shaggar kutaa magaalaa Sabbataatti keessummoota Ayyaana Masqalaa kabajuuf Seensa Shaggar Karra Qoree keessa qaxxaamuruun gara maatii isaaniitti Naannoo Gidduu galeessa Itoophiyaa fi bakkeewwaan birootti imalaniif gaggeessaan daandiirraa taasifameera. Kaayyoon sagantichaa imaltoonni rakkoo Balaa Tiraafikaa tokko malee socho'uun nagaan ayyaanicha akka kabajaniif hubannoo kennuuf kaayyeffatee kan qophaa'e ta'uun ibsameera. Kana malees kabajaa fi Aadaa keessummaa simachuu calaqqisiisuun cinatti,hawwii gaarii imaltootaaf kan ittiin ibsamuu fi hubannoon ittisa balaa tiraafikaa kan ittiin taasifamu ta'uun ibsameera. Bulchaa kutaa Magaalichaa Dr.Halaakee Waaqoo, masqalli ayyaana guddaa fi mootii ayyaanaa hawaasa bal'aan kabajamu ta'uu kan himan, kanaafis imaltoota ayyaanicha kabajuuf gara maatii isaaniitti imalan nagaan akka kabajaniif sochii geejjibaa naga-qabeessa taasisuuf sagantaa qophaa'e ta'uu ibsaniiru. Daayireektarri Dhiheessii Geejjiba Oromiyaa Obbo Musbaddin Abdulmajid Sagantaaicharratti argamuun hojiin magaallii shaggar imaltootaaf qopheesse kun kabaja,Aadaa hammattummaa, wal-danda'uu fi guddummaa Oromoo kan ibsu ta'uu hojiin Magaalaa Shaggaritti Aadeffatames agarsiistuu ta'uu dubbataniiru. Imaltonni seera tiraafikaa eeguun balaa tiraafikaan dubbuu darbu ittisuuf qooda isaan irraa eegamu akka bahatan dhaamaniiru. Sagantaa gaggeessaa kana irrattis abbootii Gadaa, qeerroowwan akkasumas hooggantootni sadarkaan jiraniifi hawaasni kutaa magaalaa Sabbataa argamaniiru jechuun kominikeeshiniin magaalaa shaggar gabaaseera
Jijjiiramni Magaalaa Finfinnee ayyaanota daandiirratti kabajamaniif miidhaginaa fi guddina Turizimiif haala mijaataa uume
Sep 25, 2026 42
Fulbaana15/2019 (ENA): Bu’uuraaleen misoomaa fi misoomni kooridarii magaalaa Finfinneetti ijaaraman ayyaana daandii irratti kabajaman kanneen akka Masqalaa, Irreechaa fi Soomana Hiikaa (Iid Al-Faxirii) caalaatti miidhagsanii kabajuuf akkasumas guddina Turizimiif haala mijaataa uumuu isaanii jiraattonni Magaalattii ibsan. Magaalaan Finfinnee misoomsa kooridarii, misooma qarqara lagaa, paarkiiwwan ammayyaa, bakkeewwan ispoortii xiyyeeffannoo harkisaniiru. Hojiileen misoomaa kunniin magaalaa guddoo keenya sadarkaa Ardii fi addunyaatti ol kaasuu bira dabarsee, Simboo biyya keenyaa jijjiiraniiru. Miidhaginnii fi bu’uraalee misoomaa ammayyaa magaalaan kun dhiyeenya kana gonfatte ayyaanota amantaa fi aadaa daandii irratti kabajamaniif miidhagina addaa kenneera. Kunis turistoota biyya keessaa fi ala irraa dhufan hawachuu keessatti gahee guddaa bahachaa jira. Jiraattota magaalattii yaada isaanii ENA’f kennan keessaa Obbo Namarraa Barsiisaa; ayyaanonni daandii irratti kabajaman kan barana magaala guddoo kenyatti kabajaman bu’uraaleen misoomaa hedduun erga ijaaramaniin booda kabajamuu isaa adda isa taasisa jedhaniiru. Bu'uuraaleen Misoomaa koridarii dabalatee magaalattii keessatti ijaaraman ayyaana kana hirmaachuufis ta'ee daawwannaaf kan dhufan simannaa gaarii argatanii gammaduun akka deebi'an amantaa qaban ibsaniiru. Obbo Fiqiruu Endaalaa fi Obbo Masfin Gazaahanyi yaada kennaniin hojiileen misoomsa Finfinnee keessatti hojjetaman magaalittiin teessuu Afriikaa ta’uu qabatamaan kan mirkaneessite ta'uu dubbataniiru. Ayyaanonni Magaalichatti kabajaman miidhaginaa fi simboo sirnicha ta’uun hawwata turizimii dabalaa jiraachuu ibsaniiru. Hojiileen misoomsa haaraya ijaaraman kunniin bifa gaarii biyyattii sadarkaa ol'aanaatti ol kaasanii mul’isuu keessatti gumaacha ol'aanaa akka qabanis eeraniiru. Jiraataan magaalattii obbo Tsahaayyee Malaakuu fi Aadde Maariyaa Angaa gama isaaniitiin; kanaan dura haalli qulqullinaa fi miidhagina Finfinnee gadi aanaa akka ture yaadachiisanii, ayyaanota haala mijaataa fi miidhagaa ta'een kabajuun ulfaataa akka ture dubbatu.
Masqala Mootii Ayyaanaa
Sep 24, 2026 350
Fulbaana 14/2019(ENA) Itoophiyaatti Ayyaanota gurguddoo kabajaman keessa kan ji'a fulbaanaa kabajamuu ayyaanni masqalaa isaa tokkodha. Ayyaanni kun akka lakkoofsa awuroophaatti bara 2013 ambaa kiliyaa addunyaa ta'ee UNESCO’n galmaheera. Masqalli Maaliif kabajama Barreesitoonii wa’ee ayyaana Masqalaa kana barreessan tokkoo tokkoo yaada adda addaa qabu. Manni amantaa kiristana tawaadoo ortodokisii ayyaanni kun bu'uurri isaa amtaa kiristaanati jettee amantii. Bareesitoonni yaada kan deeggaranis heddudha. . Luba mana amataa kiristanaa tawaadoo ortodokisii kan ta'an Luba Baalay Mokoniin akka barreessanitti ayyaanni Masqalaa kan kabajamuuf yaadannoo guyyaa fannoo Iyyaasuus kiristoos waggoota 300f badee ture itti argame sababeeffachuuni. Akka luba Balaay Mokoniin Kitabaa isaanii” Kiristanummaa fi Oromoo bara durii haga ammaatti” jedhu irratti barressanitti “Erga Kiristoos Fannoorratti du’ee du’aa ka’uun gara samiitti ol fudhatamee booda fannoon Kiristoos jaamaa fayyisaa, lamxii balleessaa namoota gidduuttis raajii hojjechaa waan tureef warri Yihuudotaa hinaafanii fannoo Kiristoos naannawa kuusaa balfaa (xurii) qabu keessatti awwaaluudhaan balfi magaalaa hunda achitti gatamaa ture. Sababa kanaanis bakki fannoon sun itti awwaalame gaara guddaa ta’e. Fannoon Kiristoos jabana dheeraaf badee tureera. Dhaloota Kiristoos booda bara 70tti yeroo Iyyarusaalem barbadooftu Kiristaanonnis baqatan. Biyya itti baqatanii turanittis waa’ee fannoo Kiristoos kadhachaa turan. Kiristaanota kunneen keessaa baduu fannoo Kiristoositti gaddaa kan turte Giiftii Illeeniin, “Ilma kiristaanota bilisoomsu yoo naaf kennite fannoo kee iddoo jiruu barbaadeen ulfinaan ol kaa’a” jettee Waaqa kadhatte. Waaqayyos kadhannaashee dhagaheefii ilma kenneef. Maqaansaas ‘Qosxanxinoos’ jedhame. Kiristaanotas bilisoomse. Illeeniinis waan Waaqayyorraa kadhattee argattetti gammaddee waadaa Waaqayyo duratti galte fiixa baasuuf fannoo Kiristoos barbaaduuf gara Iyyarusaalem deemte. Barbaacha yeroo dheeraa booda maanguddoo maqaansaa Kiraakos jedhamu argatte. Maanguddichis Waaqayyo ibseefii akkas jedhee gorse. “Daamaraa dhaabii, ixaana itti naqi, daamotiis gubii Waaqayyoon kadhadhu” jedhee ishee gorse. Isheenis gorsa Kiraakos fudhachuun waantota ajajamte hunda raawwatte. Sana booda aarri daamaraa sanaa samiitti erga ol ba’ee booda gad deebi’uun gaara fannoon Kiristoos keessatti awwaalamerra boqote. Giiftii Illeeniinis gaara sana qochisiiste. Fannoon Kiristoos awwaalamee waggaa 300 booda Fulbaana 17 bara 326tti qotamuu kan jalqabee Bitootessa 10 bara 326tti fannoon Kiristoos mul’ate. Illeeniinis Phaaphaasii Iyyarusaalem kan turan Maqaariyuus wajjin ta’uun yeroonsaa galgala waan tureef daamootii ibsachuun gammachuu guddaadhaan fannoo Kiristoos mana qulqullummaa yeroof qophaa’etti galchan. Booda garuu Fulbaana 17 bara 327tti ayyaanni eebba mana qulqullummaa kabajameera. Sababni Ayyaanni Masqalaa Bitootessa 10 yeroo itti Fannoon Kiristoos argame yeroo soomaarra waan ooluuf ayyaanichi akka guutuu biyyaatti Fulbaana 17 akka kabajamu murtaa’e.” jechuun maaliif ayyaanni masqalaa Kiristanoota Taawaadoo Ortodokiisiin akka kabajamuu ibsaniru. Ayyaanni masqalaa Saboota fi sablamoota Itoophiyaa hedduu biratti ayyaana akka jijjirra bara haaraatti ilaalamudha. Ayyaana kana yeroo kabajaniis akkatuma aadaa fi safuu isaanitti gargarummaan ni jira. Ayyaanni Masqalaa saboota biyya Itoophiyaa hedduu biratti maqaa addaa addaan akka waamu Luba Baalay Mokoniin kitaaba isaanii ' Kiristaanummaa fi Oromoo dur irraa hanga ammatti' jedhu irratti barreessaniru. “Ayyaanni kun Afaan Gi’iiziitii, Amaariffaafi Tigriffaan ‘Masqal’ jedhama. Saboonni akka Haadiyyaa, Daawuroo, Gaamoofi Walaayittaa ammo ayyaanicha ‘Masqala’ jedhanii waamu. Namootni Afaan Kambaataa dubbatan ammoo ayyaanicha ‘Masala, Bayam, Heeboo’ jedhu. Kanneen Afaan Guraagee dubbatan ‘Masqar’ jedhu. Namootni Afaan Kafaa (Kaffichoo) dubbatan ‘Gaarroo’ jedhu. Sabni Oromoo ammoo ayyaanicha Gubaa (Masqala) jedhama jedhu Luba Baalay Mokoniin. Masqalli waggaatti al tokko Fulbaana keessa daamootii (xomboora) gubanii ibsaa ibsuudhaan kabajama. Ayyaanni kun Saba Oromoo biratti ulfina guddaas qaba. Saba Oromoo biratti Masqalli akka mootii ayyaanatti ilaalama. Masqala mooti ayyaana,Si'imoo maaltu wallalaa jedhanis ni sirbu. Obbo Dirribii Damisee Bokkuu akka kitaba isaanii “Ilaalcha Oromoo ”jedhurratti katabanitti Ayyaanni masqalaa bu'uura aadaafi falaasama Oromoo ganamaa of keessaa qaba. Ayyaanni kun isa Luba Baalay Mokoniin jedhan caalaa bu’urrisa sirna Gadaa ta’uu hin oluu jedhusi. Obbo Dirribiin akka barreessanitii Masqalli Oromoo biratti mootii ayyaanaa jedhamee waan fudhatamuuf akka ayyaana bara haaraatti ilaalamas jedhu. Kappiteen Xilaahuun Bantiis kitaaba isaanii Duudha jedhu keessatti akka eeranittii Masqalli Oromoo birratti amantii ta'uu isaa caalaa dhimmoota dudhaafi falaasama uumaafi uumamaa cimaa of keessaa qaba. Achii as dhuftuun isaas tarii falasamaa warra Kushii durii irraa dhufe jedhanii ragaa kana naaf dhugoosa jedhan eeranii barreessaniru. Ayyaana Masqalaa Oromoon akkamiin kabaja Ayyaanni masqalaa Fulbana 17 kabajama.Guyyaa jala bultiisaa immoo sirnoota adda addatu raawwata. Guyyaa jala bultii kana Xomborrii/Ibsaan gubamuu ollaan naannawwa tokko jiraatu bakka tokkotti ni qopheessa. Sirni kunis Dhaabaa dhaabbachuu jedhamee akka beekamu godina shawaa kaabatti ogeessa aadaa fi Turizimii kan ta'e obbo Shimallis Fufaa kan himan. Sirni kun Daamaras jedhamee ni beekama. Dhaaban dhaabbatee kun Oromiyaa bakka hedduutti fulbanaa 16 galgala gubama. Bakka tokko tokkootti garu ganama obboroo gafa fulbaana 17tti bar'u gubama. Nyaata guyyaa masqalaa qophaa'u Masqallii guyyaa quufati jedhama. Guyyaa kana nama qofaa osoo hin taanee loon illee kaloo akka qufanii akka dheedan taasifama. Dangaan ittii hin godhamu. To'in osoo hin taanee gad-dhiisiin dheedu. Oromoo biratti gaafa guyyaa ayyaana Masqalaa dhaangaan qophaa'uu gosa heddutu jira. Kunis Oromiyaa bakka adda addaatti gargaraa. Naannoo Oromiyaa lixaatti guyyaa ayyaana masqalaa dhangawwaan qophaa'aan keessaa Ancooteen isa beekamadha. Akka fedha abbaatti affeelliisaa qocqocaan ykn affeelamee daakamaa isaa dhadhaa waliin akka ittootti nyaatama. Godinaalee wallaggaa baay'eetti nyaanni qooccoo jedhamus guyyaa kana Ancootee waliin nyaatama. Nyaanni kun akkum Ancootee nyaataa hiddii isaa nyaatamudha. Naannawwaa kanatti nyaanni cumboo jedhamus keessaayyuu Godina Horroo Guduruu wallaggaatti guyyaa Masqalaa bal'inaan sirna ayyaanichaaf kan qopha'u ta'uu raagaleen ni agarsiisu. Naannawwa Shawaa kaabaatti immoo guyyaa ayyaana masqalaa nyaanni baay'inaan nyaatamu qixxaan marqaa,Foon fi caccabsaafatuu nyaatama. Qinceenis sirna ayyaana kanarratti ni qopha'a. Yeroo baay'ee dhangaa qopha'ee kana bakka xomborrii itti gubameetti walgahuun bakka itti sooranitu jira. Ollaanis wal waamee waliin dhangaa kana soorachuun ayyaanicha kabaja. Dhangawwaan kunis bakka hundaattu guyyaa jala bultii ayyanichaa gaafaa daamaraa irra qabamee nyaatama.
Baalee bara Jijjiiramaa asitti
Sep 24, 2026 214
Godinni Baalee seenaa, aadaa fi qabeenya uumaa guddaa kan qabdu yoo taatu, baroota jijjiiramaa asitti dameewwan adda addaatiin sochiiwwan misoomaa fi haaromsaa gurguddoo galmeessisaa jirti. Misooma Faayidaa ummataa mirkaneessan, ijaarsa bu’uuraalee misoomaa, xiyyeeffannoo Tuurizimii fi fooyya’insa dinagdee irratti mul'atan godinicha gara sadarkaa haaraatti ceesisaa jiru. Bara jijjiiramaa keessa godinichatti ijaarsa daandii, Manneen Barnootaa fi dhaabbilee fayyaan hojii bal’aan hojjetameera. Kunis qunnamtii magaalotaa fi baadiyyaa fooyyessuudhaan walitti hidhaminsa uumeera . Qonnaan Bulaan teeknoolojii haaraa fi sanyii filatamaatti fayyadamuu irratti xiyyeeffannoon kennamee milkaa’inni galii qonnaa dabaluu fi bu’aa dabalataa uumuu danda’eera. nyaataan of danda’uu fi wabii nyaataa mirkaneessuu keessatti sochiin taasifame bu'aa gaarii argamsiiseera. Parkiin Biyyaaleessaa Gaarreen Baalee fi holqawwan seenaa kanneen akka Holqa Sof Umar misoomsuu fi addunyaatti beeksisuu keessatti hojiiwwan gurguddoon hojjetamaniiru. kanaanis dinagdee Hawwata Turizimii naannichaa dabalaa dhufeera. Fakkeenyaaf Holqa Soof Umar keessatti bara jijjiiramaa asitti hojiiwwan misoomaa, haaromsaa fi ijaarsa bu'uuraalee misoomaa gurguddoon sochiilee turizimii fi qabeenya uumaa tilmaama keessa galchan raawwatamaniiru. Ijaarsa Loojii Naannoo Holqaa yoo ilaallee loojiin kun Daawwattootaaf tajaajila bashannanaa fi bultii qulqullina ol'aanaa qabu kennuu kan danda’udha. Pirojektiin loojii kunis galii kitaaba Dr. Abiyyi Ahimad "Dhaloota Ida'aamu" jedhu irraa argameen kan ijaaramudha. Holqa sana keessa daawwannaaf kan mijatan ijaaruu, daandiiwwan miillaa keessoo fi alaa fooyyessuu, fi eegumsa uumamaa irratti hojjetameera. Haaromsa qorannoo saayinsawaa irratti hunda'een uumamaa fi qabiyyee holqichaa osoo hin balleessiin seensaa fi ba'insa isaanii fooyyessuun danda'ameera. Walumaagalatti, hojiiwwan kunniin holqa Soof Umar irraa misooma Turizimii Waaraa uumuu fi dinagdee godinichaa fi biyyaa cimsu raawwatame jira. Paarkiin Biyyaaleessaa Gaarreen Baalee bara jijjiiramaa keessa xiyyeeffannoo guddaa fi sadarkaa seenaa qabeessa ta'e argateera. Mootummaan damee Tuurizimii fi qabeenya uumaamaa irratti xiyyeeffannoo addaa kennaniin, paarkichi haaromsaa fi beekamtii addunyaa argateera. Bara jijjiiramaa keessa milkaa'ina guddaa argame keessaa inni ijoon, Paarkiin Biyyaaleessaa Gaarreen Baalee (UNESCO) biratti akka Hambaa Uumaa Addunyaatti galmaa'uusaati. Walumaa galatti nageenya mirkaneessuu, walitti dhufeenya uummataa cimsuu fi Sagantaa Ashaaraa Magariisaa irratti hirmaannaa uummata Baalee guddaan bosonaa fi qabeenya uumaa eeguu keessatti gaheen godinichaa guddaa ture. Baalee bara jijjiiramaa asitti sochii misoomaa fi guddinaa dinqisiisaa keessa jirti. Hojiiwwan hojjetaman kunniin fedhii uummataa guutuu bira darbee, godinichii gara fuulduraatti bu’uura misooma waaraa fi dinagdee guddaa irra kan ga’ani dha
Diinagdee
Itoophiyaan Hulaa Galaanaa argachuun ishee fayyadamummaa dinagdeetiin olitti nagaa fi tasgabbii Riijinichaa mirkaneessuuf murteessaadha- Hayyoota
Sep 25, 2026 79
Fulbaana15/2019 (ENA) Itoophiyaan Hulaa Galaanaa argachuun faayidaa dinagdee argamsiisuun olitti, Riijinichatti nagaa fi tasgabbii amansiisaa mirkaneessuu fi misooma waliinii saffisiisuuf tattaaffii taasisaa jirtu caalaatti fooyyessuuf akka gargaaru hayyoonni Yuunivarsiitii Jimmaa dubbataniiru. Itoophiyaan waggoota kurnan sadan darbanitti daldala al-ergiis ta’e alaa kan galchitu dhibbentaa 95 ol kan ta'u kaffaltii tajaajilaa fi kiraatiif buufata doonii Jibuutiif baasaa turteetti. Hirkatummaan hulaa galaana kun karoora dinagdee goorootiif qormaata ta’uun olitti nagaa fi tasgabbii Riijinichaa fi sochii Jii’oopolotiksii keessatti qabdu daangessaa tureera. Mootummaan Itoophiyaa dhiyeenya kana hula Galaanaa argachuun dhimma jiraachuu, nageenya biyyaa fi misooma yeroo dheeraa ta'uu isa ibsuun, qajeelfama waliin misoomuu fi waliin fayyadamuu irratti hundaa'eetti tattaaffii dippilomaasii taasisaa jiraachuun ni beekama. Hayyoota Yuunivarsiitii Jimmaas Itoophiyaan hula galaanaa argachun ishee fayyadamummaa dinagden alattis, nageenya Galaanaa Riijinichaa eeguu fi walitti hidhamiinsa dinagdee waliinii ariifachiisuu keessatti gumaacha taasisaa jirtu gara sadarkaa ol'aanaatti kan ceessisudha. Yuunvarsitii Jimmaatti Barsiisaa fi Qorataan Kutaa Barnoota Bulchiinsaa Yuunivarsiitichaa Dr. Badaassaa Firaajaa akka jedhanitti, Itoophiyaan hula galaanaa Diimaa waliin seenaa hariiroo seenaatiin kan qabdu ta'uu isheetiin biyyattiif hula ganaanaa argachuun bu'aa ol'aanaa qaba. Akkasumas Itoophiyaan hula galaanaa dhabuun dinagdee Itoophiyaa irratti qofa osoo hin taane, sosochii nageenyaa Riijinichaa irrattis dhiibbaa uumuun qormaatilee garagaraatiif ishee saaxileera. Gara biraatiin Barsiisaa fi Qorataan Inistitiyuutiitti Teeknoolojii Yuunivarsiitichaatti Barsiisaa Maandisa Bishaanii fi Gargaraa Piroofeesaraa Mamuuye Buseer , dhimmi hula galaanaa faaayidaa diinagdee Itoophiyaa waliin kallattiin kan walqabatu ta'uu isaa kaasaniiru. Akka gargaraan Piroofeesaraa Mamuuyeen jedhanitti, Itoophiyaan seenaa ishee keessatti humna Galaanaa cimaa kan qabdu ta'uu bira darbee Galaana diimaa dhiheenyatti fayyadamaa turte. Dhumarrattis, dantaa biyyaalessa Itoophiyaa kabachiisuuf dhaloonni waliin dhaabbachuu fi nagaaf dursa kennuun hojjechuu akka qaban hayyoonni kun cimsanii gaafataniiru
Abbummaan Hulaa Galaanaa dhimma Jiraachuu akkasumas nageenya Naannichaa mirkaneessuuti
Sep 25, 2026 57
Fulbaana 15/2019 (ENA):- Itoophiyaan abbummaa hulaa galaanaa qabaachuun nageenya naannichaa mirkaneessuu fi guddina dinagdee saffisiisuuf dhimma jiraachuu ta’uu, Itti Aanaa Daayirektara Olaanaa Inistiitiyuutii Qorannoo Imaammataa, Meejar Jeneraal Ahimad Hamzaa ibsan. Itoophiyaan waggoota soddoma dura hulaa galaanaa fi qarqara galaanaa addunyaa waliin wal qunnamsiisu qabaachuu ishee seenaa keessatti galmaa’ee jira. Hulaan galaanaa daldala alaa saffisiisuuf, baasii geejjibaa meeshaalee alaa galanii fi gara alaatti ergamanii hir’isuuf, akkasumas oomisha biyya keessaa gabaa addunyaa irratti dorgomaa taasisuuf murteessaa dha. Sadarkaa addunyaatti, qindoomina teessuma lafaa, mirga qabeenya uumamaa itti fayyadamuu fi dandeettii dhiibbaa naannawaa uumuu hulaa galaanaa waliin walitti dhufeenya cimaa qabu. Itti Aanaan Daayirektara Olaanaa Inistiitiyuutii Qorannoo Imaammataa, Meejar Jeneraal Ahimad Hamzaa, ENAf akka ibsanitti, Itoophiyaan hulaa galaanaa kana kan dhabde dogoggora ilmaan isheetiiniifi shira humnoota alaa qindaa’een akka ta’e ibsaniiru. Gaaffiin Itoophiyaan hulaa galaanaa argachuu dhiyeessitu nagaa, seera qabeessa fi abbummaa kabachisuu irratti kan hundaa’e dhimma jiraachuu ta’uu ibsaniiru. Gaaffiin Itoophiyaan abbummaa hulaa galaanaa argachuuf qabdu deebii argachuun, faayidaa dinagdee Itoophiyaa qofa osoo hin taane, biyyoota ollaattis fayyadamaa akka taasisuu dubbataniiru. Itoophiyaan durii kaasee bilisummaa, nageenyaa fi tasgabbii Afrikaa keessatti fakkeenya ta’uu ibsanii, nageenyaa fi tasgabbii naannichaaf dandeettii guddaa akka qabdu eeraniiru. Hulaa galaanaa argachuun Itoophiyaaf tasgabbii siyaasaa fi nageenya naannichaa cimsuu bira darbee, faayidaa dinagdee olaanaa akka qabu ibsaniiru. Kunis, dippilomaasii fi dandeettii dhiibbaa uumuu Itoophiyaa daran guddisuu keessatti gahee olaanaa akka qabu dubbataniiru
Pirojektiin Ujummoo Sarara Dabarsa Boba’aa Qulqullaa’e Pirojektii Paan-Afrikaati – Pirezidaantii Jibuutii Ismaa’eel oomar Giillee
Sep 25, 2026 54
Fulbaana 15/2019 (ENA)– Pirojektiin Ujummoo Sarara Dabarsa Boba’aa Qulqullaa’e Pirojektii Paan-Afrikaati ta’uu Pirezidaantiin Jibuutii Ismaa’eel Umar Giilee ibsan. Ijaarsi Pirojektii haaraan Ujummoo Sarara Dabarsa Boba’aa Qulqullaa’e kan Jibuutii Daamarjoogii irraa ka’ee Itoophiyaa Dawaale waliin kan walqunnamsiisu, akkasumas invastimantii tarsiimawaa guddaa ta’e har’a ifoomera. Ministeerri Muummee Itoophiyaa doktar Abiyyi Ahimad sirna dhagaa bu’uuraa kaa’uu pirojektichaa irratti argamaniiru. Pirezidaantiin Jibuutii Ismaa’eel Umar Giillee akka jedhanitti Invastimantichi mootummaa fi dameen dhuunfaa biyyoota Afrikaa waliin yoo hojjetan, Afrikaa dorgomaa addunyaa taasisuun akka danda’amu kan agarsiisu pirojektii Paan-Aafrikaanaatti. Pirojektichi taankarii kuusaa boba’aa kiyuubik meetira kuma 375 ol kan qabaatu yoo ta'u, waggaatti oomishaalee boba’aa toonii miliyoona 5 ol keessummeessuun rakkoo geejjibaa walqabatee jiru furuuf gahee olaanaa akka qabu dubbataniiru. Afrikaan qabeenya dheedhii gara alatti ergaa, boba’aa Calalame immoo gatii qaalii ta’een bitachuu itti fufuu fi marsaa hirkattummaa keessa turuun amma xumuruun akka barbaachisu Pirezidaantiin Jibuutii ibsaniiru. Bilisummaan dhugaa kan argamsiisu immoo damee anniisaattin of danda’uu mirkaneessuu ta’uu hubachiisaniiru. Bu’uuraaleen misoomaa walitti hidhamiinsa malee daangaa ce’anii tajaajila kennuu akka hin dandeenye kan ibsan Pirezidaantiin Giilee, bu'uurri seeraa naannoon daldala bilisaa ardichaa baase, bu’uuraalee misoomaa qabatamaa ta’aniin deeggaramuu akka qabu dubbataniiru
Ujummoon boba'aa baasii loojistikii fi yeroo haalaan hir'isa - Ministira Muummee Abiyyi Ahimad (PhD)
Sep 25, 2026 52
Fulbaana 15/2019 (ENA): Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad ujummoon boba’aa qulqullaa’e haaraan Itiyoophiyaa fi Jibuutii gidduutti ijaaramu baasii fi yeroo loojistikii haalaan hir’isa jedhan. Ministirri Doktar Abiyyi Ahimad sirna ijaarsa ujummoo oomishaalee boba’aa Jibuutii Damerjog fi Itiyoophiyaa Dawallee walqunnamsiisu irratti hirmaatan. Ijaarsi ujummoo boba’aa qulqullaa’e haaraa Jibuutii magaalaa Damerjog gara Itiyoophiyaa Dawalleen walqunnamsiisu invastimantii tarsiimoo guddaa ta’e har’a ifoomeera. Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad akka jedhanitti, koridarii waloo ji’ogiraafiin biyyoota lamaaniif kenne riqicha Jibuutii gabaa bal’aa, Itiyoophiyaa ammoo daldala addunyaa waliin walqunnamsiisudha. Harkifannaa geejjibaa, dandeettiin kuusaa daangeffamee fi mala geejjibaa gahumsa dhabuun hawaasa daldalaa irratti baasii guddaa akka fide hubachiisaniiru. Har’a boba’aan liitira tokkoon tokkoon Finfinnee seenu konkolaataan guyyoota shan akka fudhatu, ujummoon haaraan kun imala kana gara guyyaa tokkootti akka hir’isu hubachiisaniiru. Jibuutii, Itiyoophiyaa fi Gareen Dangootee waliin ta’uun ujummoo boba’aa Damerjog irraa hanga Dawallee kiiloo meetira 120 akka ijaaran akeekaniiru. Gama lachuutiin bakki kuusaa waloo meetira kiyuubii miliyoona tokkoo ol ta’u kan dhaabbatu yoo ta’u, kunis rakkoon idil-addunyaa yoo mudate dhiyeessiin anniisaa akka hin jeeqamne kan taasisu ta’uu ibsaniiru. Bu’uuraaleen misoomaa kun industirii fi qonnaa Itiyoophiyaa keessatti gumaacha olaanaa akka taasisan kan ibsan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad, heddummina geejjibaa dabaluudhaan ejjennoo Jibuutiin wiirtuu loojistikii naannoo ta’uun qabdus akka cimsu ibsaniiru. Buufata doonii, daandii guddaa, daandii baaburaa, Giddugalli Loojistikii Mojoo fi ujummoon akka sirna walitti hidhameetti hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru. Dhaabbileen Afrikaa galmoota mul’ata isaanii waliin walsimu galmaan ga’uu fi sadarkaa addunyaatti dorgomuu akka danda’an agarsiisuu isaanii Alikoo Daangootee hubachiisaniiru. Pirojektiin kun bu’uuraalee misoomaa Afrikaa guddina Afrikaaf kaappitaala Afrikaatiin ijaarame ta’uu ibsaniiru. Hojiin kun lafatti fiduudhaan bu’a qabeessa ta’uu akka qabus hubachiisaniiru. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad qaamota pirojektii invastimantii kana dhugoomsuuf gumaachan hunda galateeffataniiru.
Saayinsii fi teeknooloojii
Dhaabbatichi kalaqoota teeknooloojii fi intarpiraayizoota of danda’an horachuun qoodasaa bahachaa jira
Sep 25, 2026 46
Fulbaana 15/2019 (ENA)- Inistiitiyuutiin leenjii teekniikaa fi ogummaa FDRI kalaqoota teeknooloojii fi intarpiraayizoota of danda’an horachuun qoodasaa bahachaa jiraachuu ibse. Dhaabbatichi hojiisaa hawaasaaf beeksisuuf kan isa gargaaruu fi guyyoota 15’f kan turu ‘torban odeeffannoo’ ilaalchisee ibsa kenneera Itti aanaan daarektara olaanaa inistiitiyuutichaa Dr. Habtaamuu Mulugeetaa wayita kana, dhaabbatichi woorkishooppiiwwan gurmaa’an, laaboraatooriiwwanii fi bakka itti shaakalamu qabaachuunsaa dargaggootaaf dandeettii fi carraa guddaa akka uumu ibsaniiru. Dhaabbatichi dargaggoonni carraa hojii uumuu isaan dandeessisu akka isaaniif argamsiise eeraniiru. Haala Kanaan dhaabbatichi kalaqoota teeknooloojii biyyattii guddisuu danda’anii fi በintarpiraayizoota of danda’an horachuudhaan qoodasaa bahachaa akka jiru ibsaniiru. Barattoota bara 2019 simatuuf barnoota bu’a qabeessa kennuuf qophii ga’aa taasisuusaa dubbataniiru. Waggoottan lamaan darban qofa fedhii yeroon barbaadu kan guute sagantaawwan haaraa 11 ta’aneegaluusaanii beeksisaniiru. Kanneen keessaa sagantaan leenjii hubannoo nam-tolchee(AI) isa tokko yoo ta’u, sagantaa Kanaan bara 2018 irraa eegalee barattoota simatee leenjisaa akka jiru ibsaniiru. Itti aantuun daarektara olaanaa inistiitiyuutichaa Tsadaalee Takluu gamasaaniin, inistiitiyuutichi xiyyeeffannoon qulqullina barnootaaf kenne bu’aa qabatamaa fidaa jiraachuu ibsaniiru. Dhaabbatichi kaampaasiisaa muummeetti beekamtii ISO 9001:2015 mirkaneessuusaa dubbataniiru.
Tajaajilli qorannoo fi hawaasaa Yunivarsiitichi gaggeessu hawaasa naannawichaa gargaaraa jira
Sep 21, 2026 712
Fulbaana 11/2019 (ENA)- Tajaajilli qorannoo fi hawaasaa Yunivarsiitiin Madda Walaabuu gaggeessu hawaasa naannawichaa gargaaraa jiraachuu pirezidaantiin Yunivarsiitichaa Dr. Biraanamasqal Xannaa ibsan. Yunivarsiitichi yaad-rimeewwan qorannoo fi misooma hawaasaa mata-duree ijoo irratti xiyyeeffatan kan qoratu workshopii ijaarsa dandeettii gaggeessaa jira. Pirezidaantiin Yunivarsiitichaa Dr. Biraanamasqal Xannaa akka jedhanitti, Yunivarsiitichi hojii baruu fi barsiisuu cinaatti qorannoowwan rakkoo hawaasaaf furmaata ta’u jedhu gaggeessaa jira. Xiyyeeffannoon qorannoo yunivarsiitichi gaggeessuu wiirtuu ga’oomaa kan ta’an qonna, fayyaa, turizimii, sirna ikoo fi eegumsa uumamaarratti ta’uu dabalanii ibsaniiru. Hayyoonni Yunivarsiitichaa tajaajiloota qorannoo fi hawaasaa waggoottan darban gaggeessaniin fayyadama hunda galeessa lammiilee hedduu kan mirkaneessan bu’aaleen guddaan argamuusaanii ibsaniiru. Keessumaa gama qonnaatiin hojmaata kilaastaraa, waldhaansa kaansarii fi hawaasa hubannoo qabsiisuun hojii hojjrtameen jijjiiramni qabatamaa galmaa’uu wabeeffataniiru. Tajaajiloonni qorannoo fi hawaasaa rakkoo ummataa furuu akka danda’an qorattootaa fi gamaaggamtootaaf leenjiin gabbisa dandeettii itti fufiinsaan kennamaa jiru cimee akka itti fufu pirezidaantichi dubbataniiru. Itti aanaan pirezidaantii akkaadaamikii, qorannoo fi cehumsa teeknooloojii Yunivarsiitichaa Dr. Bazzaabih Wandimmuu workishooppiin gabbisa dandeettii kun rakkoolee gama qorannootiin jiran adda baasuudhaan qorannoo dhiibbaa bu’aa fooyya’aa Fidan gaggeessuuf akka gargaaru ibsaniiru. Hojiiwwan misooma hawaasaa irratti xiyyeeffatan keessatti qophii yaad-rimeewwanii fi haala qabatamaa addunyaa irratti hubannoo gahaa akka argatan ibsaniiru. Hayyoonni Yunivarsiitichaa bara bajataa 2018 dameewwan xiyyeeffannoo garagaraa irratti xiyyeeffatan qorannoowwan 24 ol gaggeessuusaanii eeraniiru. Bara bajataa kana ammoo yaad-rimeewwan qorannoo 96 gamaaggamaaf dhihaachuusaanii dubbataniiru.
Wiirtuun hubannoo nam-tolchee Yunivarsiitii Jimmaa barattoonni hojii kalaqaarratti akka hirmaatan deeggaraa jira
Sep 18, 2026 692
Fulbaana 8/2019 (ENA)- Wiirtuun hubannoo nam-tolchee Yunivarsiitii Jimmaa barattoonni beekumsaa fi hubannoo damee kanarratti qaban guddisuun hojiilee qorannoo fi kalaqaarratti akka hirmaatan deeggaraa jiraachuu ibse. Hubannoon nam-tolchee (AI) yeroo ammaa sadarkaa idil addunyaarratti dameelee teeknooloojii, dinagdee, fayyaa qonnaa fi barnootaarratti jijjiirama si’ataa fidaa kan jiru meeshaa kalaqaa isa ijoo ti. Itiyoophiyaatti karoora tiraanisfoormeeshinii dijitaalaa biyyaalessaa milkeessuu fi hirmaannaa industirii warraaqsaa guddisuuf dargaggoota beekumsa teeknooloojii olaanaa ta’e qaban horachuun dhimma murteessaa ta’a. Yunivarsiitiin Jimmaa cehumsa teeknooloojii idil addunyaa fi fedhii biyyaalessaa yaada keessa galchuun, dandeettii kalaqaa fi qorannoo barattootaa guddisuuf wiirtuu hubannoo nam-tolchee hundeessee hojjechaa jira. Yunivarsiitichatti daarektarri wiirtuu kanaa Injiinar Jaarmiyaa Baay’isaa akka jedhanitti, Hubannoon nam-tolchee Yunvarsiitichaa erga hundeeffamee kaasee beekumsaa fi hubannoo barattoonni dame Kanaan agarsiisan guddisuuf deeggarsa itti fufaa gochaa tureera. Barattoonni hojiilee kalaqaa fi moosaajii hubannoo nam-tolcheerratti hundaa’an akka hojjetan wiirtuun kun deeggarsa barbaachisu gochaa jiraachuu dubbataniiru. Barattoonni beekumsaa fi hubannoo garagaraa qaban bakka hojii tokkotti walitti dhufanii muuxannoo akka wal jijjiiran haala mijeessuusaa eeraniiru. Kana malees barattoonni wiirtuu kana keessatti shaakallii hojiirraa akka taasisan haala mijeessuudhaan, pirojektoota garagaraa hubannoo nam-tolcheen deeggaraman hojjechuun muuxannoo fi beekumsa qabatamaa akka argatan gochaa akka jiru daarektarichi dubbataniiru. Waggaatti al lama hubannoo nam-tolchee ilaalchisee dorgommii hakatoon qopheessuun, barattoonni kalaqaan akka dorgomanii fi badhaasa garagaraa akka argatan haala mijeessaa akka jiru ibsaniiru. Barattoonni mooraa Yunivarsiitichaan alattis hojiilee qorannoo fi kalaqaa hubannoo nam-tolcheen deeggaraman kan rakkoo hawaasaa furan irratti hirmaachaa akka jiran ibsaniiru. Kanneen keessaa dhibee Bunarratti mudatan dursanii adda baasuuf, furmaata kennuu fi sadarkaa Bunaa murteessuuf kan tajaajilu kalaqa “appii Daboo Bunaa” fakkeenya kaasaniiru. Pirojektii taphoota aadaa Roobootiksii fi hubannoo nam-tolcheen walitti qindeessuun dhiheessu, qabiyyee biyyoo adda baasuun akaakuu oomishaa mijataa kan agarsiisu “omishtuu Jooyi aappii” fi kalaqoonni fayyaa fi dhukkuba beelladaa hordofuuf hojjetaman akka keessatti argaman dubbataniiru. Hojiiwwan kunneen biyya keessaa fi sadarkaa idil addunyaatti badhaasa hedduu akka argamsiisan eeraniiru. Yunivarsiitii Jimmaarraa damee Kanaan kan eebbifamtee fi hojiiwwan kalaqaa garagaraa irratti hirmaachaa kan turte shamarree Ikraam Alqaadir, wiirtuu kana keessa turuunshee beekumsaa fi muuxannoo guddaa akka argattu akka ishee gargaare ibsiteetti. Yeroo ammaa dhaabbata dhuunfaa keessatti damee Kanaan hojii bu’a qabeessa hojjechuurratti argamti. Dargaggoo Adam Sa’id beekumsaa fi muuxannoo wiirtuu kanarraa argatetti fayyadamuun dhaabbata ‘kireetiiv hab’ keessa hojjechaa jira. Yeroo ammaa hojiilee moosaajii hojjechuurratti bobba’ee akka argamu ibsuun, wiirtuun hubannoo nam-tolchee Yunivarsiitii Jimmaa milkaa’ina argateef beekumsa bu’uraa guddaa akka gumaacheef eereera.
Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob bakkaa bakkatti socho’uun kennu deebii hatattamaa mootummaan ummataaf kennedha-tajaajilamtoota
Sep 18, 2026 519
Fulbaana 8/2019 (ENA)-Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob bakkaa bakkatti socho’uun kennu deebii hatattamaa fi kutannoo mootummaan ummataaf kenne kan mirkane ta’uu tajaajilamtoonni ibsan. Tajaajila wiirtuu tokkoo dijitaalaa bakkaa bakkatti socho’uun kennamu ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin Ebla 14 bara 2018 eebbifamee hojii eegaluunsaa ni beekama. Tajaajilli ammayyaa kun jiraattonni biirolee mootummaa garagaraa osoo hin dhaqiin, bakka jiranitti yeroo gabaabaatti dhimmasaanii raawwachuu akka danda’an haala mijataa uumeera uumeera. Dhimma kanarratti ENA’f yaada kan kennan keessaa obbo Taammiruu Asaffaa akka ibsanitti, tajaajilli Kanaan dura mootummaan kennu yeroo dheeraa kan fudhatuu fi bu’aa bayiif kan nama saaxilu ture. Amma garuu hojmaanni dijitaalawaa waan ta’eef daqiiqaa muraasa keessatti tajaajila si’ataa argachuu akka danda’an ibsaniiru. Keessumaa hojmaanni tajaajila dijitaalaa masoob bakkaa bakkatti socho’uun kennamu naannawa jiraatanitti tajaajila si’ataa akka argatan carraan argamuunsaa itti quufinsa caalaa akka uumeef dubbataniiru. Obbo Taammiraat Kabbadaa gamasaaniin, kenniinsi tajaajila dijitaalaa masoob bakkaa bakkatti deemuun kennamu simannaarraa eegalee hojmaata Kanaan dura turerraa si’ataa ta’uusaa eeranii, tajaajila argatanitti gammaduusaanii ibsaniiru. Obbo Waabalaa Hajiikadir tajaajila dijitaalaa Masoob bakkaa bakkatti deemuun tajaajila kennutti yeroo jalqabaaf tajaajilamuusaanii dubbatanii, tajaajila gama Kanaan kennamu yeroo gabaabaa fi hatattamaan argachuusaanii ibsaniiru. Tajaajila si’ataa kanaaf mootumma galateeffataniiru. Tajaajila dijitaalaa masoob bakkaa bakkatti deemuun kennamutti ogeessi kaawuntaraa immigireeshinii fi tajaajila lammummaa Darribee Faantaahun, Kanaan dura tajaajilamtoonni tajaajila argachuuf qaamaan gara dhaabbatichaa deemuuf akka dirqaman yaadataniiru. Tajaajila dijitaalaa masoob bakkaa bakkatti deemuun amma kennamaa jiruun dhaabbilee hedduu bakka tokkotti fiduun bakka tajaajila kennaa akka jiran ibsaniiru. Tajaajila dijitaalaa FDRI bakkaa bakkatti deemuun kennamutti ogeessa tajaajila yehulluu kan ta’an Haannaa Tafarraa, amma ammaatti kutaalee magaalaa Hunda dhaquun tajaajila kennuudhaan itti quufinsa tajaajilamtootaa mirkaneessaa jirra jedhaniiru. Hojii raawwachiisaan tajaajila masoob FDRI Yoonaas Alamaayyoo akka ibsanitti, tajaajiloota mootummaa Kanaan dura bittinnaa’anii turan dijitaalaayiz gochuun wiirtuu tokkotti kennuuf kan eegalame tajaajilli masoob akka biyyaatti bu’aa olaanaa fidaa jira. Namoonni gara wiirtuu Masoob qaamaan dhaquun tajaajilamu hin dandeenye bakka jiraatan dhaquun tajaajiluun haalli dandeessisu uumamuu dubbataniiru. Hojmaanni kun namoota qaamaan argamuu hin dandeenyeef carraa guddaa kan uume waan ta’eef fuulduras tajaajila kana bal’isuudhaaf xiyyeeffatamee akka hojjetamu obbo Yoonaas Alamaayyoo mirkaneessaniiru.
Ispoortii
Atileetikoo Maadiriid Riyaal Maadiriidiin injifate
Sep 21, 2026 642
Fulbaana 11/2019(ENA): Tapha Laaliigaa Ispeen Maadiriid darbii Atileetikoo Maadiriid Riyaal Maadiriidiin 2 fi 1'n injifate. Taphichaan goolii injifannoof isaan geessifte kan lakkoofsisan Aleeksi Giriimaaldoo fi Joonaataan Deeviid yoo ta'an, Riyaal Maadiriidiif galchii tokko kan lakkoofsise immoo Antooniyoo Ruudiigar dha. Yeroo ammaa kanatti sadarkaa Laaliichaan Atileetikoo Maadiriid qabxii 16'n sadarkaa 2ffaa yoo qabatu, Riyaal Maadiriud immoo qabxii 15'n sadarkaa 3ffaa qabateera. Liigichaan taphoota walitti aanan 7 injifachuun Baarseeloonaan qabxii 21'n dursaa jira. See less
Tapha Maanchister Yunaayitid fi Fuulhaam Gidduutti gaggeeffamen wal qixa xumurame
Sep 21, 2026 361
Fulbaana 10/2019 (ENA): Tapha Pirimeeyeer liigii Ingilizii torbee 5ffaa har'a Maanchistar Yunaayitid fi Fuulhaam Gidduutti gaggeeffamen gareen lamaan otoo wal hinmo'in walqixxee bahan. Galchii Maanchister Yunaayitid Matiiyaas Kunyaa daqiiqaa 89tti lakkoofsiiseera. Galchii Fuulhaam Taphataan Maanchister Yunaayitid Maartineez garee isaarratti daqiiqaa 63ffaarraatti lakkoofsiiseera. Taphoota liigichaan har'a dursee gaggeeffamen Maanchister Siitiin Saandarlaandii 5 fi 3n injifatera, akkasumas Liivarpuul Boornimaawuuziin 1fi 0 Injifatera.
Taphoota har’aa Maanchistar Siitiin Saandarlaandii waliin, Fuulhaam Maanchistar Yunaayitid waliin fi Boornemaawuz Liivarpuul Waliin taasisan haalan eegama
Sep 20, 2026 627
Fulbaana 10/2019 (ENA): Piriimiyerliigiin Ingiliiz torbee shanaffaan har'a xumurama. Pireemeerliigichaan Har'a taphoonni afur ni gaggeeffamu. Maanchistar Siitiin sa'aatii waaree booda sa’aatii 11:00 irratti istaadiyeemii Itihaaditti Saandarlaandiin ni keessummeessa. Siitiin taphoota afran darban liigichaan injifachuun qabxii 12’n sadarkaa tokkoffaa irra jira. Saandarlaandiin qabxii afuriin sadarkaa 14ffaa irra jirta. Gareen kun taphoota lamaan darban irratti injifannoo hin arganne. Maanchistar Siitiin yoo injifate qaawwa Arsenaal waliin qaban gara qabxii sadiitti guddisa. Arsenaal kaleessa Biraayitan irratti 3 fi 0’n mo'ame. Saandarlaandiin gara daandii injifannootti deebi'uuf garee qe'ee isaanii qormaata keessa galchuuf ni ilaala. Fuulhaam galgala sa'aatii 12:30tti Maanchistar Yunaayitid ‘Craven Cottage’ irratti keessummeessa. Abbaan dirree Fuulhaam sadarkaa 20ffaa irraa qabxii tokkoon fagaatee jira. Maanchistar Yunaayitid gama isaan taphoota lamaan darban injifachuu dadhabuun qabxii afuriin sadarkaa 13ffaa irra jira. Tapha birootiin Boornemaawuz har’a waaree booda sa'aatii 10tti Istaadiyeemii ‘Vitaalitii’ irratti Liivarpuul keessummeessa. Boornemaawuz qabxii sadiin sadarkaa 16ffaa irratti argama. Liivarpuul qabxii 6’n sadarkaa 10ffaa irra jira. Liidsi Yunaayitid waaree booda sa'aatii 10tti Istaadiyeemii Laandi Rood irratti Kiristaal Paalaas waliin taphata. Miidiyaa Dijitaalaa ENA hordofaa- https://www.ena.et/web/links
Fiigicha shaampiyoonaa idil addunyaa daandiirraa isa xumuraa atileetonni Itiyoophiyaa meedaaliyaa argatu jedhamee eegamu har'a gaggeeffama
Sep 20, 2026 388
Fulbaana 10/2019 (ENA): Fiigicha shaampiyoonaa idil addunyaa daandiirraa isa xumuraa atileetonni Itiyoophiyaa meedaaliyaa aragatu jedhamee eegamu har'a gaggeeffama. Shaampiyoonaan Daandii Atileetiksii Addunyaa 2ffaan har’a xumurama. Guyyaa xumuraa shaampiyoonaa kanaatti dorgommiin xumuraa lama ni gaggeeffama. Dorgommiin xumuraa walakkaa maaraatoonii dubartootaa sa’aatii 4:10 irratti ni gaggeeffama. Massalech Alamaayyoo, Tsigge Gabrasalaamaa, Zamam Barakiinaa fi Fitaaw Zaraayi atileetota Itiyoophiyaa bakka bu'anii hirmaatanidha. Dorgommiin xumuraa walakkaa maaraatoonii dhiiraa ganama sa’aatii 10:45 irratti ni gaggeeffama. Dorgommii kanarratti Balaay Xilahuun, Barakat Naggaa, Bayyellinyi Tashaagar fi Taaddasaa Warquu ni hirmaatu. Itiyoophiyaan kaleessa guyyaa baniinsa shaampiyoonaa kanaan meedaaliyaa warqee tokkoo fi meetii tokko injifatteetti. Shaampiyoonaa Daandii irraa Atileetiksii Addunyaa 2ffaan har'a xumurama.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Harka Lammiilee isheen Dachee Laliste -Itoophiyaa
Sep 22, 2026 525
Waggoota kurnan darban keessa uwwisni bosonaa ishee baay’ee haphatee ture. Haalli kunis biyyattii jijjiirama haala qilleensaa fi eegumsa naannoof qormaata itti ta’aa tureera. Kaka’umsa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin ifatti bara 2011 kan jalqabame sagantaan ashaaraa magariisaa bu’aa olaanaa fidaa jira. Sagantaa ashaaraa magariisaa kanas ummanni Itoophiyaa qajeelfama hoggansa isaa fudhachuun duulaan biqiloota dhaabuun adda duree akka ta’e Zegaardiyaan gabaasa isaa keessatti bal’inaan ibseera. Haliimaa Kadir yeroo jalqabaaf gaafa biqiltuu dhaabuu jalqabdu namoonni akka ishee shakkanii fi itti qoosan akka turte illee Zegaardiyaan gabaasa isaa keessatti eereera. Biqiloonni dhaabaman kunniin muuzii,zayituunaafi Giraaviiliyaa, akkasumas gosoota kuduraa fi muduraa adda addaan oyiruu uwwifame bira teessoo mukaarra teessee gaafa biqiltuu dbaabuuf jettu sana gara duubatti yaadatti. Olloonni koo abdii na kutachiisanii ture jetti. Garuu waan ajaa’ibaa hojjette. Namoota Tokkoo tokkoo isaaniif ifaajii homaa hin baafne itti fakkaatee ture;garuu booda biqiloonni dhaabaman kunniin jijjiirama qilleensaa fi wabii nyaataa mirkaneessuuf furmaata ta’ee gaafa argamu dhugaa jiru hubachaa dhufuu isaanii ibsiti. Naannoo Oromiyaa aanaa Barbareetti kan kan argamtu Haliimaa Kadir umuriin waggaa 35 kan taate,biqiloota kumaatamaan lakkaa’aman dhaabuun eegumsa naannoof modeela taateetti. Biyya akka Itoophiyaa mancaatiin bosonaa mudatuti hojiin Haalimaa salphaa hin turre; ija jabina naamusaa fi cimina guddaa gaafata ture. Amma garuu wanti hundi jijjiirameera jetti Haalimaan. Biqiltoonni isheen dhaabde guddachuu fi naannoon ishee magariisa ta'aa dhufuun, warri jalqaba abdii kutachiisuuf yaalan illee hojii cimaa fi kutannoo ishee akka dinqisiifatan ibsiteetti. Haalimaaf biqiltuun isheen dhaabdu muka ofii isaatii irra darbee hiika qaba; isaanis hiriyyoota ishee dhiyootiin akkasumas qormaata hawaasa ishee addunyaa irratti jijjiirama qilleensaaf saaxilamoo ta’an keessaa tokko ta’eef furmaata ta’anii ilaalamu. Akkuma ‘The Guardian’ gabaasetti; Itiyoophiyaan babal’ina qonnaa, biqiltuu qoraaniif oolan fi itti fayyadama cileef irraa kan ka’e uwwisa bosona ishee bal’aa dhabdeetti. Kunis heddummina lubbu qabeeyyii, gabbina biyyee fi qabeenya bishaanii irratti miidhaa guddaa kan geessise yoo ta’u, balaawwan haala qilleensaatiin walqabatan hammeesseera. Inishiyeetiiwwan hedduu mootummaan Itiyoophiyaan eegalte keessaa tokko kan ta’e Ashaaraa Magariisaan, jijjiirama qilleensaa fi mancaatii bosonaa hir’isuu keessatti gahee olaanaa taphateera. Gabaasni kun akka mul’isutti waggoota torban darban keessatti biqiltuun biiliyoona 48 ta’u sagantaa kanaan dhaabameera, kan amma jiru osoo hin dabalatiin jechuudha. Ollaan Haalimaa Faxee Abdullaahi milkaa’ina Haalimaa erga argitee booda eegumsa naannoo irratti hirmaattetti. Isheenis nuti akka hin dogoggorre nutti agarsiifte jechuun Haalimaa jajuun, rakkoon furmaata biyya keessaatiin rakkoo addunyaa furuun furuun akka danda’amu agarsiisuudhaan fakkeenya taatee jirti jette. Hawaasni Oromoo daa’ima nama biraa irraa dhalate abbaa fi haadha uumamaa ykn walitti dhufeenya dhalootaa tokko malee fudhachuun akka dhala ofiitti guddifachuun, akka ilmoo ofiitti guddisee, faayidaa dinagdee fi hawaasummaa isaa eeguun aadaa qaba. Ummanni Oromoo biqiltuu akka ilmoo isaatti ilaala. Haalimaan duudhaa kana irraa ka’uun biqiloota dhaabuun kunuunsuun akka ishee gargaare ibsiteetti. Akkasumas walitti dhufeenya ijoollee ishee waliin qabdu miira haadhummaa waliin walqabsiistee jirti. ''Akkuma aadaa keenya keessatti ijoollee guddifnu, biqiltuus akka ijoollee kootti nan ilaala,'' jetteetti. Naannoo hanqinni bishaanii hamaan jiru keessa kan jiraattu Haalimaan gara sa'aatii tokkoo deemtee biqiltuu ishee bishaan obaasti. Ilmi Haalimaa ganna 13, Anwaar Hasan, haadha isaatti akka boonu ibsuun, kaayyoo ishee hordofuu akka barbaadu dubbata. Jijjiirama qilleensaa ittisuuf umurii guutuu waadaa galuu akka barbaadus himeera. Maatiin fi dubartoonni kumaatamaan lakkaa’aman ganda naannoo sana jiranis sagantaa biqiltuu dhaabuu kana irratti hirmaataniiru. Akka qorattoonni naannoo fi ogeeyyiin jedhanitti, gosoonni mukaa dhalootaan maatii fi dhaabbilee adda addaatti raabsaman hedduun isaanii guddataniiru. Naannolee gammoojjii fi haala qilleensaaf miira qaban keessatti tattaaffiin kun hawaasni jijjiirama qilleensaa caalaatti akka dandamatu gargaaruu danda’a. Qindeessaan Sagantaa Biyyaalessaa ‘REDD+’ Misooma Bosonaa Itiyoophiyaa Doktar Xibabuu Mogas sagantaa dhaabbii biqiltuu hanga ammaatti milkaa’inni guddaan argame badda dareetti ta’uu dubbatu. Itiyoophiyaan jijjiirama qilleensaa ittisuuf kutannoon hin raafamne akka biyyaattis ta’e idil-addunyaatti guddachaa fi babal’achaa dhufeera. Miidiyaa Dijitaalaa ENA hordofaa- https://www.ena.et/web/links
Raaga haala Qilleensaa bal'inaan dhaqqabamaa taasisuun qophii gahaan akka jiraatuuf dhiheenyaan hojjetamaa jira
Sep 18, 2026 805
Fulbaana 8/2019 (ENA) Odeeffannoo raaga haala qilleensaa bal'inaan dhiyeessuun qophii fi offeeggannoo duraa akka jiraatuuf dhiyeenyaan hojjetamaa jiraachuusaa Inistitiyuutiin Meetiroloojii Itoophiyaa beeksise. Inistitiyuutichi gamaggama haala qilleensa gannaa fi raaga haala qilleensa bonaa fuulduraa hirmaannaa qooda fudhattootaatiin Adaamaatti gaggeessaa jira. Daarektarri Olaanaan Inistitiyuutichaa Dr.Faxxanaa Tashoomaa akka jedhanitti, Inistitiyuutichi misoomawwan hawaasummaafi dinagdee biyyaattif faayidaa kan qaban raaga haala qilleensaa yeroo gabaabaa fi dheeraa yeroosaa eeggatee dhiyeessuun gaheesaa ba'achaa jira. Odeeffannoon kunneen keessattuu dameelee Qonnaafi misooma jallisiif, Bulchiinsa qabeenya bishaaniif, hir’ina sodaa balaatiif,Aviyeeshinii fi geejibaatiif ,Barnootaafi fayyaaf gaggeesuuf murteessaa ta’uusaanii ibsaniiru. Akkasumas,odeeffannoo haala qilleensaa yeroosaa eeggatee fi amansiisaa ta'e uummataafi qooda fudhattootaaf dhiyeessuun misoomaa fi guddina biyyaatiif murteessaa ta'uu isaafi hojiin kun cimee kan ittifufu ta'uu ibsaniiru. odeeffannoo raaga haala qilleensaa yeroodhaan dhiyeessuun qophii fi deebii sirrii kennuuf kan gargaaruudhas jedhan. Qooda fudhattoonnis odeeffannoo kanatti fayyadamanii tarkaanfii qophiitiif akka itti fayyadaman waamicha dhiyeessaniiru. Gara biraatiin, raaga haala qilleensa Bonaa kan dhiyeessan Itti Aanaa Daarektara Inistitiyuutichaa Dr.Asaamminnoo Tashoomaa akka ibsanitti,Bona dhufu kanatti naannowwan horsiise bulaatti haalli qilleensaa misooma qonnaatiif mijaawaa ta'ee fi roobni gaariin akka jiraatu ibsaniiru. Naannoowwan kunniin rooba kana jalqaba baatii Onkololeessaatii jalqabanii kan argatan ta'uun ibsameera. See less
Naannoo Harariitti Biqiltuuwwan Ashaaraa Magariisaan dhaabaman kunuunsuun cimee itti fufa
Sep 16, 2026 822
Fulbaana 6/2019 (ENA) — Naannoo Harariitti biqiltuuwwan Sagantaa Ashaaraa Magariisaan dhaabaman kunuunsuun cimee akka itti fufu Pirezidaantiin Naannichaa Obbo Ordiin Badirii ibsan. Pirezidaantiin Naannoo Hararii Ordiin Badirii fi hoggantoonni naannichaa biqiltuuwwan ji’oota gannaa keessa dhaabaman kunuunsaniiru. Hoggantoonni kunneen biqiltuuwwan dhaabaman haala gaariin akka guddatan taasisuuf hojii kunuunsaa barbaachisaa ta’e irratti xiyyeeffachuun hojiiwwan adda addaa raawwataniiru. Naannichatti sagantaalee dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaan biqiltuuwwan faayidaa hedduu qaban dhaabamuu isaanii ni yaadatama. Hojii dhaabbii biqiltuuwwanii irratti hoggantoonni olaanoo naannichaa, qaamoleen ittisaa fi nageenyaa, hojjettoonni mootummaa, dargaggoonni fi dubartoonni, qonnaan bultoonni akkasumas kutaaleen hawaasaa gara garaa hirmaataniiru. Har’as Pirezidaantiin Naannichaa Obbo Ordiin Badirii fi hoggantoonni olaanoo naannichaa Gaara “Haakim” irratti biqiltuuwwan yeroo gannaa dhaabaman bishaan obaasuu fi kunuunsuu isaanii ibsameera. Naannicha keessatti biqiltuuwwan yeroo ji’oota gannaa dhaabaman hanga muka guddaa ta’anitti kunuunsi barbaachisaa ta’ee xiyyeeffannaan kennamee hojjetamaa jira. Pirezidaantiin Naannichaa Obbo Ordiin Badirii yeroo kanatti akka jedhanitti, biqiltuuwwan yeroo gannaa naannichatti dhaabaman sirnaan akka latanii fi guddatan gochuuf kunuunsa barbaachisaa ta’e taasisuun murteessaadha. Yeroo ammaa kanas, keessumaa biqiltuuwwan dhaabaman kaayyoo barbaadameef akka oolan qaamoleen adda addaa hojii kunuunsaa hojjechaa jiran jajjabeeffamuu akka qaban hubachiisaniiru. Itti aansuunis biqiltuuwwan bishaan obaasuu fi marga irraa qulqulleessuun sirnaan akka latanii fi guddatan gochuun barbaachisaa ta’uu Pirezidaantiin Naannichaa hubachiisaniiru. Kana malees, Pirezidaantiin Naannichaa Obbo Ordiin Badirii hojii pirojektii Inisheetivii gaara Haakim daawwachuu isaanii ibsameera. Hojiin pirojektichaa karoora yeroo qabame keessatti saffisaa fi qulqullinaan raawwatamaa jiraachuu isaa eeraniiru.
Itoophiyaan sirna geejjibaa magariisaa jijjiirama haala qilleensaa dandamatuu fi itti fufinsa qabu ijaaruuf xiyyeeffannoon hojjechaa jirti
Sep 16, 2026 745
Fulbaana 05 /2019 (ENA) Itoophiyaan sirna geejjibaa magariisaa jijjiirama haala qilleensaa dandamatuu fi itti fufinsa qabu ijaaruuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu Ministirri Geejjibaa fi Loojistiksii Dr. Alamuu Simee ibsan. Sagantaan jalqabsiisa workshooppii Nordiik Afrikaa Elektiriik Mobiliitii magaalaa Finfinneetti gaggeeffamera. Sagantaa kanarratti doktara Alamuu Simee haasaa taasisaniin; Itoophiyaan hoggansa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin tarsiimoo misoomaa magariisaa fi jijjiirama haala qilleensaa dandamatu karoora misooma biyyaalessaa isheen bu’uura godhattee hojjechaa jirti jedhaniiru. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa, humna haaromfamaa babal’isuu fi dinagdee kaarboonii gadi aanaa qabu ijaaruuf tattaaffiin taasifamu, xiyyeeffannoo kanaaf agarsiistota ta’uu ibsaniiru. Damee geejjibaa kaarboonii irraa bilisa taasisuun dinagdee itti fufinsa qabu ijaaruuf hojiiwwan ijoo hojjetaman keessaa tokko ta’uu eeruun, biyyattiin murtee kana gara hojiiitti hiikuuf geejjiba uummataa Elektirikii, Koridariiwwan Magaalaa fi sirna geejjibaa qilleensa qulqulluu humna haaromfamuu danda’u waliin walitti hidhuun ijaaramaa jiraachuu ibsaniiru. Gara geejjiba elektirikiitti ce’uun kun eegumsa naannoo qofaaf osoo hin taane, jijjiirama dinagdee, wabii humnaa, kalaqa teeknooloojii fi qulqullina jireenyaa lammiilee fooyyeessuuf gumaacha olaanaa qabaachuu eeraniiru. Konkolaattota qofa gara biyyaatti galchuun sirna geejjiba elektirikii guutuu uumuu akka hin dandeenye kan ibsan Ministirichi, bu’aa guutuu galmeessuuf bu’uuraalee misoomaa fi sirnoota hojii barbaachisan guutuu akka qaban hubachiisaniiru. Haaluma kanaan, bu’uuraalee misoomaa chaajii bakka itti taasisan babal’isuu fi sirna hojii dijitaalaa diriirsuu, Istaandardoota waliigalaa qopheessuu, humna namaa leenji’e horachuu, akkasumas sirna baatiriiwwan irra deebi’anii itti fayyadamu diriirsuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. Kanaaf, sirna qindoomionaa ijaaruu, fayyadamaa teekinooloojii ta’uu irraa gara dandeettii biyya keessaa ijaaruutti ce’uu, akkasumas tumsa Riijinii fi Ardichaa cimsuun barbaachisaa ta’uu waamicha dhiyeessaniiru. Itoophiyaa fi Afrikaan biyyoota Noordik irraa muuxannoowwan gaarii fudhachuu akka danda’an kan eeran Ministirichi, furmaatoonni Afrikaa garuu dhugaa jiruufi fedhii geejjibaa ardichaa kan bu’uureffataan ta’uu akka qaban ibsaniiru. Ce’umsa Afrikaan gara sochii elektriikiitti taasiftu guddina industiriitiif human ta'uu malee, dhiheessii meeshaalee alaa qofa ta'uu akka hin qabne hubachiisaniiru. Afrikaanonni walitti hidhaminsa kana keessatti akka hirmaataniif, dhaabbilee suphaa fi walitti qabiinsa meeshaalee (assemblers) dhiyootti argamanii fi oomishtoota cimsuu, qorannoo fi misooma keessatti invesiti gochuu, akkasumas sirna geejibaa daangaa ce'uu walitti hidhuun akka barbaachisu ibsaniiru. Ce’umsa kanaaf qabeenyi mootummaa qofti gahaa akka hin taane kan eeran yoo ta'u; mootummaan, dhiheessitoota misoomaa, baankota daldalaa fi abbootii qabeenya dhuunfaa dhugaatiin tumsa cimaa uumuun akka barbaachisu dubbataniiru. Yaa’ichi mariin olitti gara tarkaanfii qabatamaatti kan ce'amu, galmootni ifa ta'an kan kaa'aman, akkasumas tumsi michoota misoomaa fi teekinoolojii kan itti cimu akka ta'u abdiin qaban ibsaniiru.
Gabaasa addaa
Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti - Itti aanaa Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa
Jun 9, 2026 20140
Waxabajji 2 /2018 (ENA): Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti jedhani itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan muummee ministiraa Pirojektoota misoomaa adda addaa magaalaa Woldiyaatti ijaaraman eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Yeroo eebba kanaatti pirojektoonni misoomaa eebbifaman imala biyyattiin gara fuulduraatti taasiftu kan agarsiisan yoo ta’u, guddinni Itiyoophiyaa eenyullee dhaabuu akka hin dandeenye kuni ragaadha jedhan. Itti aanaan ministira muummee kun ummanni magaalaa Woldiyaa finxaaleyyii fi qoqqoodinsa mormuudhaan kan beekamu ta’uu ibsuun, filannoon isaanii irra deddeebiin nagaa fi mootummaa cimaa ta’uu isaa kan argisiisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan baandota irratti qabsaa’aa jira jedhani. Waggoota 50 fi 60 darbaniif warri yaada dulloomaatiin qabaman guddina ariifataa biyyattii hubachuu akka hin dandeenyes ibsaniiru. Warri bosona keessa jiran jijjiirama guddaa biyyatti dhufe kan akka misooma koridarii, maaddii guutuu, pirojektoota misoomaa fi oomisha qamadii arguu akka hin dandeenye dubbataniiru. Misoomni koridarii magaalota keessatti gaggeeffamaa jiru dhimma bareedinaa qofa osoo hin taane magaalota ammayyeessuun sadarkaa jireenyaa ummataa ol kaasuuf kaayyoo ta’uu ibsaniiru. Magaalonni Itiyoophiyaa magaalota Baha Afriikaa fi addunyaa waliin dorgomuu akka qaban ibsaniiru; akkasumas tajaajila ammayyeessuuf tajaajilli giddugala tokkoo guutuu biyyattiitti babal’achaa akka jiru hubachiisaniiru. Manneen kitaabaa ummataa, manneen kitaabaa dijitaalaa fi kaffeewwan saayinsii magaalaa Woldiyaatti ijaaraman odeeffannoo guyyaa guyyaa irraa gara beekumsaa fi qorannoo gadi fagootti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan, abbootii qabeenyaa fi ummanni pirojektoota misoomaa eegalaman gara baadiyyaatti babal’isuun badhaadhina biyyattii dhugoomsuuf waliin hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 18077
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.