ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Yunivarsiitiin Bulee Horaa Albuudaarraa galii barbaachisaa argamsiisuuf Barnootaan, Qorannoo fi ijaarsa dandeettiin shoora isaa bahaa jira
Aug 17, 2026 10
Hagayya 11/2018 (ENA): Itoophiyaan Albuudarraa galii isheef malu akka argattuuf Yunivarsiitiin Bulee Horaa Barnootaan, Qorannoo fi ijaarsa dandeettiitiin shoora isaa bahaa jiraachuu beeksise. Dameen Albuudaa guddina dinagdee walii gaalaatiif fi argama sharafa alaa keessatti gumaacha olaanaa waan taasisuuf xiyyeeffannoon kan kennameef yoo ta'u, damicha ammayyeessuufi dandeettii isaa guddisuuf teeknooloojii, qorannoofi leenjii ogeessotaa irratti hojiiwwan hedduun hojetamaa jiru. Akkasumas Hawaasa Naannichaa hojii Albuuda baasuu mala Aadaa irraa gara ammayyaatti ceesisuun, hojii Albuudaa baasuu fulla’aa fi fayyaalessa ta'e ijaaruuf carraaqqiin tasifamaa jira. Yunivarsiitiin Bulee Horaa Albuuda, Beekumsa Mandhalee, Qonnaafi beellada akkasumas damee Fayyaa irratti xiyyeeffachuun hojjechaa jira. Itti gaafatamaan Kutaa Barnoota Gii’ooloojii fi Albuudaa Yuunivarsiitichaa Obbo Musxafaa Mahaammad akka ibsanitti, Yuunivarsiitichi yeroo ammaa sadarkaa digirii fi digirii lammaffaatiin (maastersiin) barattoota Maayiningii fi Gii’ooloojiitiin barsiisaa jiraachuu ibsaniiru. Hojii baruu fi barsiisuun alaas, hojii qo’annoo fi qorannoon rakkoo hawaasaa furuuf damee albuudaa irratti qorannoo garaa garaa gaggeessaa jiraachuu eraniiru. Yeroo ammaa Itoophiyaan damee Albuudaatiif xiyyeeffannoo addaa kennuu ishee caqasuun, galii damicharraa argachuu qabdu akka argattuus barnootaan, qorannoofi deeggarsa ijaarsa dandeettiitiin shoora isaa bahaa jira jedhaniiru. Hojii Albuudaa kanaan dura mala aadaa ture ammayyeessuuf leenjiifi deeggarsa ijaarsa dandeettii kennuudhaan hawaasni mala aadaa irraa gara ammayyaatti akka ce'u leenjiiwwan dandeessisan kennamaa jiraachuu ibsaniiru. Itti Aanaa Pirezidaantii Akkaadaamii Barnootaa Yuunivarsiitii Bulee Horaa Dr.Gabayyoo Ashaagiree akka jedhanitti, Yuunivarsiitichi damee Albuudaatiif xiyyeeffannoo addaa kennuudhaan sagantaawwan sirrii ta'an qopheessee hojjechaa jira. Albuudni Sadarkaa Dhaabbataatti akka of danda'uuf Laabiraatooriiwwan kurfeessuu, barsiisota muuxannoo qaban walitti qabuufi Yuunivarsiitiiwwan gurguddoo garaa garaa waliin ta'uun barsiisuu, qorannoofi tajaajila hawaasaa tumsaan hojjechaa jiru. Kanaafis laaboraatooriin ammayyaa gurmaa'uu eeruun, biyyattiin naannicharraa fayyidaa argachuu qabdu akka argattuus hojii barsiisuufi qorannoo irratti waliin hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Pirezidaantiin Yuunivarsiitii Bulee Horaa Dr.Tamasgeen Dabaloo gama isaaniitiin, Yuunivarsiitichi Albuuda akka kallattii xiyyeeffannoo tokkootti akka irratti hojjetu mootummaan kan barbaadeef Naannoon Gujii Albuudota hedduu kan qabu waan ta'eefi jedhaniiru. Kanaafis Yuunivarsiitichi Albuuda akka kallattii xiyyeeffannoo gudaatti godhatees hojjeta jedhaniiru.
Mootummaan Naannowwan Baadiyyaatti Pirojektii Annisa Aduu hojiirra oolchaa jira
Aug 17, 2026 21
Hagayya 11/2018 (ENA): Mootummaan Naannoowwan Sarara Elektiriikii gudaarraa fagaatanitti madden Anniisaa Aduu bal'isuuf carraaqqiin taasisu dhaqqabamummaa Elektiriikii dabalaa jiraachuu Ministeerri Bishaanfi Inerjii ibse. Godina Harargee Lixaa Aanaa Hawwii Gudinaatti Pirojektiin Aannisaan Aduu baajata birrii miiliyoona 800 ol ta'uun ijaarame eebbifamee tajaajila kennuu eegaluunsaa ibsameera. Deetaan Ministira Bishaaniifi Inerjii Dr.Injiinar Sulxaan Walii pirojekticha eebbisuun yeroo hojii eegalchiisaan akka jedhanitti, sarara gudaan alatti hojiin Annisaa babal’isuu raawwatamu dhaqqabamummaa elektiriikii dabalaa jiraachuu dubbataniiru. Kanaanis dhaqqabamummaan Elektiriikii Itoophiyaa waggaa shaniin dura dhibbeentaa 43 irra kan ture gara 63 tti gudachuu ibsuun; kanaafis maddeen Annisaa Aduu shoora olaanaa gumaachuusaa dubbataniiru. Godina Harargee Lixaa Aanaa Hawwii Gudinaatti ijaaramuun Isteeshiniin Annisaa Aduu Haalo Gubbaa, torban Baatee fi Haaro Eebbaa hojiif banaa ta’e maatii kuma 5 ol tajaajiluu kan danda'an ta'uu isaanii dubbataniiru. Naannowwan baadiyyaatti hojiin Tajaajila Elektiriikii dhaqqabsiisuu cimee kan itti fufu ta'uu eeruun; uummannis pirojektiiwwan ijaaraman eeguu fi kunuunsuun itti gaafatamummaa isaa akka bahatu hubachiisaniiru. Itti Aanaa Bulchaa Godina Harargee Lixaa Obbo Tashooma Kabbadaa gama isaaniitiin, Godinichatti bara bajataa kanaan birrii biiliyoona ja’a oliin pirojektiiwwan misoomaa ijaaramanii xumuramuun tajaajilaaf ga’uu ibsaniiru. Jiraattonni aanichaa akka jedhanitti, kanaan dura tajaajila baabura Midhaan daaku argachuuf kiiloomeetira 25 ol deemuuf dirqamaa akka turaniifi amma garuu naannoo jireenya isaaniitti tajaajilicha argachuu danda'uu isaaniitti gammaduu isaanii dubbataniiru. Keessattuu tajaajila Elektiriikii Mana keessatti fayyadamuu isaaniitiin alatti hanga Manneen Barnootaafi Dhaabbilee Fayyaatti dhaqqabuusaatti gammaduu isaanii ibsaniiru. Pirojektiiwwan kunniin waggaa tokkofi ji'a ja'a hin guunne keessatti baasii birrii miiliyoona 800 oliin kan ijaaraman ta'uun; walumaagalatti humna kiiloowattii 931 ol maddisiisuu kan danda'u ta'uun ibsameera.
Ibsa Haala Adeemsa Marii Biyyaalessaa Hanga Ammaarratti kenname
Aug 17, 2026 44
Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa adeemsa walabummaa, hammattummaafi hirmaachiisummaa marii biyyaalessaa ilaalchisee ibsa kenneera. Komishinichi Labsii Lakkoofsa 1265/2014’n kan hundeeffame, mariin biyyaalessaa Itoophiyaa keessatti nagaa waaraa, waliigaltee fi sirni dimokraatawaa akka dagaaguuf faayidaa biyyaalessaa olaanaa qabu hubachuun, hojiiwwan hedduu raawwachaa tureera. Waltajjiin Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa, Adoolessa 08/2018 ifatti sirna guddaan kan jalqabame, Komishinichi sirna hojii fi karoora ofii isaa bilisaa fi walaba ta’een qopheesse irratti hundaa’uun haala gaariin gaggeeffamaa jira. Adeemsi marii biyyaalessaa kun garaagarummaa siyaasaa fi hawaasummaa gadi fagoo fi walxaxaa Itoophiyaa mudachaa ture marii fi karaa nagaa ta’een furuuf carraa seenaa qabeessa banamedha. Adeemsi kun nagaa waaraa fi tokkummaa biyya keenyaa keessatti faayidaa guddaa waan qabuuf, qaamoleen hundi akka kan isaanii ta’etti kunuunsuu qabu. Komishinichi aangoo fi itti gaafatamummaa seeraan kennameef irratti hundaa’uun adeems marichaa walabummaa, hammattummaa fi hirmaachisummaa qaburratti hundaa’uun gaggeessuuf xiyyeeffannoo guddaa kennuun hojjechaa jira. Adeemsi marii kun paartii siyaasaa kamiyyuu, qaama mootummaa ykn garee addaa tokkoof ajandaa siyaasaa isaa raawwachiisuuf kan oolu miti. Kanarra fooyyeefi fudhatamummaa kan qabu fedhiifi ilaalchootni garaagaraa walqixa kan itti dhiyaatan, mariidhaan waliigaltee waliinii uumuuf kan itti hojjetamu waltajjii biyyaalessaadha. Adeemsa kana keessatti rakkoolee fi qormaatileen mudatanis jiru. Yeroodha gara yerootti hanqinoota Komishinicha ykn hirmaattota marii biratti mul’atan, akkasumas komiiwwan uumaman sirnaan furuufi deebii kennuuf carraaqqiin taasifameera. Bu’aan argame kunis tattaaffiiwwan akkasii dabalatee kan argamedha. Kana ilaalchisee, Komishinichi ibsa Paartiin Sochii Biyyaalessaa Amaaraa (ABN) dhiheenya kana hojii fi adeemsa Komishinichaa ilaalchisee baase hordofee ibsa armaan gadii kennuun barbaachisaa ta’ee argameera. Haaluma kanaan, ilaalcha ABN adeemsi kun hammataa fi hirmaachisaa miti jedhu ilaalchisee, Komishinichi qorannoo fi mirkaneessa barbaachisaa erga taasisee booda, xumura paartii siyaasichaa kana akka hin qooddanne ibsuu barbaada. Waltajjii marii biyyaalessaa keessatti, bakka bu’oonni kutaalee hawaasaa garaagaraa, paartileen siyaasaa, dhaabbilee fi waldaalee, qaamolee mootummaa federaalaa, naannolee fi bulchiinsa magaalotaa, Itoophiyaanotni dhibba uumtootniifi beekamoon, humnoota duraanii hidhatan duraanii socho’aa turaniifi waamicha karaa nagaa fudhachuun galan, hawaasa diyaasporaa fi qaamoleen dhimmi ilaallatu biroo bakka bu’uummaan, sagaleewwan garaagaraa adeemsa kana keessatti hirmaachaa fi dhaggeeffatamaa jiru. ABN’nis paartilee siyaasaa hanga ammaatti adeemsa marii kana keessatti dammaqinaan hirmaannaa taasisan keessaa isa tokkodha. Komishinichi komiifi iyyata hirmaataa marichaa kamiyyuu salphaatti kan bira darbu miti. Komiiwwan qaamolee garaagaraa, ABN dabalatee, dhiyeessaniifis sirna furmaata komii irratti hundaa’uun deebii kennaa jira. Yaadota ijaarsaa fi komiiwwan adeemsa marii fooyyessuuf dhiyaatanis sirnaan ilaaluun, hanga adeemsa marii fudhatama qabuufi bu’a qabeessa taasisuuf gumaachanitti, akka galteetti fayyadamuuf Komishinichi qophiidha. Kanaaf, Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa carraa kanaan ABN fi qaamolee dhimmi ilaallatu biroo adeemsa marii isa hafe keessatti dammaqinaan akka hirmaataniifi waliigaltee waliinii uumuuf akka waliin hojjetan kabajaan waamicha dhiyeessa. Marii biyyaalessaa jechuun injifannoo gama tokkoo ykn mo’icha gama biraa miti. Marichi adeemsa Itoophiyaan rakkoolee ishee mudataniif furmaata waliinii ittiin barbaaddu, kan hundumaaf bu’aa fi injifannoo fiduuf gargaarudha. Komishinichis sagalee lammiilee fi hirmaattota marii hunda walqixa dhaggeeffachuufi adeemsa kana bilisummaafi walabummaan gaggeessuuf kutannoo qabu irra deebiin mirkaneessa. Dhumarratti, Komishinichi uummattoota Itoophiyaa, paartilee siyaasaa, waldaalee siiviikiifi dhaabbilee garaagaraa, milkaa’ina marii kanaaf gumaacha gaariifi itti fufiinsa qabu taasisan hundi ammas akkaataa jalqabaniin cimsanii akka itti fufan cimsee kabajaan gaafateera. Itiyoophiyaan Mari’achaa jirti! Komishinii Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa! Hagayya 11/2018 Finfinnee
Itiyoophiyaan dhiibbaa gaarii naannichatti uumaa jirtu irraa kan ka’e maqaan ishee guddachaa jira
Aug 17, 2026 36
Hagayya 11/2018 (ENA): Itiyoophiyaan dhiibbaa gaarii naannichatti uumaa jirtu irraa kan ka’e maqaan ishee guddachaa jira jedhan Daarektoreetii Waliigala Ittisaa Hariiroo Alaa fi Tumsa Waraanaatti Daayreektarri Leenjii Letenaal Koloneel Minaasee Haayiluu. Itiyoophiyaan Nagaaf tasgabbii Gaanfa Afrikaaf gahee olaanaa bahachaa jirti jedhe Jilli Raayyaa Ameerikaa. Ka’umsa isaa Kaarood Ayilaand kan taasise Jilli Raayyaa Ameerikaa giddugala kabachiisa nageenyaa Raayyaa Ittisa biyyaatti leenjii kennuu eegaleera. Leenjichi biyyoonni lameen damee loltummaan waloon hojjechuuf waliigaltee taasisan ka’umsa godhachuun kan qophaa’e yoo ta’u, wayita ergama loltummaa bahatan mirga namoomaa fi seeroota loltummaa idil addunyaa irratti kan xiyyeeffatedha. Raayyaa Ittisa Biyyaatti Daayrektarri Olaanaa Hariiroo alaa fi tumsa loltummaa Leetenaal Koloneel Minaasee Hayiluu akka jedhanitti, dhiibbaa gaarii Itiyoophiyaan naannawichatti uumaa jirtuun dhaggeeffatamummaan ishee guddachaa dhufeera. Biyyoonni tasgabbii dhaban Gaanfa Afrikaa keessa jiran Itiyoophiyaa malee furuun akka hin danda’amne hubachuun, faayidaa waliinii mirkaneessuuf Itiyoophiyaa waliin hojjechaa jiru jedhan. Leenjichi Itiyoophiyaan ergama nageenya eegsisuuf keessattuu dirqama, sochiiwwan waraanaa yeroo gaggeessitu, mirga namoomaa fi seerota idil addunyaa eeguu keessattii beekuumsa haaraa kan uumuu ta’uu dubbataniiru. Leenjicha kennuu qofa osoo hin taane, muuxannoo bal’aa raayyaan Ittisaa qaburraayyis kan qooddatan ta’uu kaasaniiru. Qindeessan leenjichaa Letenaal Koloneel Zaakarii Maakaartar gamasaaniin, Itiyoophiyaan Gaanfa Afrikaatti keessattuu nageenyaa fi tasgabbii Somaaliyaa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa taphachaa jiraachuu ibsaniiru. Ameerikaan Itiyoophiyaa waliin walitti dhiheenyaan hojjechaa jiraachuu eeranii, leenjichi hojiiwwan loltummaan biyyoonni lameen caalmaatti bu’aa qabeessa akka ta’an isaan gargaara jechuu miidiyaa onlaayinii Raayyaa Ittisa Biyyaa ENA’f ergee ni mul’isa #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Godina Wallagga Lixaatti Tajaajila Lammummaa Gannaan barattoota kuma 40 ol ta’aniif Barnoonni dabalataa kennamaa jira
Aug 17, 2026 55
Hagayya 11/2018 (ENA): Godina Wallagga Lixaatti Tajaajila Lammummaa gannaatiin barattoota kuma 40 ol ta'aniif barnoonni dabalataa kennamaa jiraachuu Waajjirri Barnoota Godinichaa beeksise. Godinni Wallagga Lixaa adeemsa baruu fi barsiisuu bu'a qabeessa gochuufi rakkoolee sadarkaa sadarkaan jiran furuuf barsiisota tola ooltotaa fi barattoota dhaabbilee barnoota olaanoo qindeemsuun tajaajila tola ooltummaa gannaa bal’aan gaggeeffamaa jira. Godinichatti Manneen Barnoota sadarkaa 1ffaa fi 2ffaatti dandeettii barattootaa cimsuuf sagantaalee adda addaa qopheessuudhaan, bara barnoota haaraaf bu'uura cimaa kaa'uu fi qabxii darbiinsaa gara sadarkaa olaanaatti ceesisuuf hojii bal'aa hojjetaa jiru. Itti Aanaan Hogganaa Waajjira Barnoota Godinichaa Obbo Tasfaayee Xoonee ENA’f akka ibsanitti, godinichatti qulqullina barnootaa fooyyessuuf tajaajila Lammummaa gannaan damee barnootaan hojiileen garagaraa raawwatamaa jiru. Qaama tajaalila Lammummaa gannaa kan ta'e kenninsi barnoota dabalaataa barattootaa gannaa manneen barnoota sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa 895 keessatti barattoota kuma 40 fi 387 f kennamaa akka jiru ibsaniiru. Kunis barattoonni barnoota fuulduratti baratan dursaanii akka hubataniif dandeettii isaanii gabbisuun barnoota idileetiin bu'a qabeessa akka ta'an kan gargaaru ta'uu addeessaniiru. Kana cinaattis bara barnoota dhufuuf ijaarsi bu’uuraalee Misoomaa fi hojiin fooyya’insa barnootaa tola ooltotaan bal’inaan raawwatamaa akka jiru kaasaniiru. Keessattuu godinichatti qabxii barattootaa fooyyessuuf bara barnoota xumurame keessa hojiileen bal'aan raawwatamaa turuu isaanii ibsaniiru. Haaluma kanaan barattoota bara 2018 qormaata kutaa 6ffaa fi 8ffaa fudhatan keessaa dhibbeentaa 74 ol kan ta'an qabxii darbiinsaa galmeessisuu isaanii eeraniiru. Bara barnoota haaraa dhufuttis bu'aa kana gara dhibbeentaa 80tti ol guddisuuf qaamolee dhimmi ilaallatu waliin hojii qindoominaa raawwachuuf garanumaan qophaa'uu isaanii hubachiisaniiru. Godinichatti daarektarri Mana Barnootaa Sadarkaa 1ffaa Laaloo Asaabii Obbo Shuraamuu Efireem gamasaaniitiin, tajaajila tola ooltummaa gannaatiin barattoota 180’f barnoota dabalataa kennuusaanii dubbataniiru. Sagantaa kana irratti barsiisonni aanaa fi barattoonni dhaabbilee barnoota olaanoo garagaraa irraa walitti babahan hirmaachaa akka jiran ibsaniiru. Kunis barattoonni barnoota fuulduratti baratan dursaanii akka hubatanii barnoota daree Idileetti kennamu salphaatti akka qabatanii fi qulqullina barnootaa eeguu bira darbee qabxii barattootaa fooyyessuu keessatti shoora olaanaa akka qabu ibsaniiru. Barattoota barnoota dabalataa fudhatan keessaa barataan kutaa 8ffaa Tamasgeen Misgaanaa, barnoonni sagantaa kanaan kennamaafii jiru barnoota daree idileetti baratan salphaatti akka hubatan kan gargaaru ta'uu dubbateera. Barattuu Iilaamee Salamoon gamasheetiin barnoonni dabalataa kennamaafii jiru bara barnoota dhufuuf bu'a qabeessa akka isaan taasisu dubbatteetti.
Siyaasa

Hojiin yaadota furmaataa walsimsiisuu xumuramaa jira- Komishinicha
Aug 17, 2026 79
Hagayya 11/ 2018(ENA)- Hojiin yaadota furmaataa gareewwan yaa’ii marii biyyaalessaan gabbifaman walsimsiisuu xumuramaa jira jedhe Komishiniin Marii Biyyaalessaa. Itti aantuun Komishinara Olaanaa Komishinichaa Hiruut Gabrasillaasee haala adeemsa yeroo ammaa marichaa irratti ibsa kennaniiru. Ibsa isaaniin, tokkoon tokkoo garee yaa’ichaa bakka bu’oota 15 filuun yaadota furmaataa gareewwaniin gabbifaman walsimsiisuuf hojjechaa akka turan ibsaniiru. Hojii guddaan bakka bu’oota kanneenii yaadota furmaataa yeroo dheeraa fudhachuun qophaa’an walsisiisuu akka ta’e eeraniiru. Haaluma Kanaan yaadota furmaataa gareewwan 8 gidduutti yaadonni faallaafi irra deddeebii osoo hin uumamiin haala walfakkaataa ta’een akka dhiyaatu gochaa jiru jedhaniiru. Dabalataanis bakka buutonni filataman yaadota furmaataa gareewwan biroorratti hubannoo fudhachuu kaasanii, waliin dubbisaa yaadota kan walsimsiisan ta’uu dubbataniiru. Yeroo ammaa kana hojiin yaadota furmaataa gareewwaniin gabbifaman walsimsiisuu xumuramaa akka jiru ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Naannoo Gaambeellaatti nageenya mirkaneessuun misoomaa fi bulchiinsa gaarii ummataa guddisuuf hojiileen hojjetamaa jiran cimee itti fufa
Aug 17, 2026 105
Hagayya 11/ 2018 (ENA): Nageenya Naannoo Gaambeellaa mirkaneessuun misoomaa fi bulchiinsa gaarii ummataa guddisuuf sochiin hojjetamaa jiru cimee itti fufa jedhan Af-yaa’iin Mana Maree Naannichaa Aadde Masarat Maatiyoos. Manni Maree Naannoo Gambeellaa Yaa’ii Idilee 10ffaa Bara hojii 6ffaa waggaa 5ffaa gaggeessuu eegaleera. Manni Marichaa yaa’ii guyyoota lamaaf gaggeessuun, karoora raawwii bara 2018 bulchiinsa gaarii fi misoomaa gamaaggamuun akkasumas gabaasa raawwii mana murtii waliigalaa fi odiitara olaanaa naannichaa dhaggeeffachuun kan raggaasisu ta’uun eerameera. Dabalataanis karoora bara baajataa 2019 fi dhimmoota biroorratti mari’achuun murtoowwan kan dabarsu ta’uun ibsameera. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Mariin Biyyaalessaa Aadaa karaa Qaroomina qabuun furmaata barbaaduu Haaraa Uumera — Paartii Dimokirataawaa Tigiraay (TDP)
Aug 16, 2026 226
Hagayya 10/2018 (ENA): Mariin Biyyaalessaa karaa qaroomina qabuun aadaa siyaasaa furmaata barbaaduu haaraa fi boqonnaa wal-deeggaruu kan bane taatee seenaa qabeessa ta'uu isaa Paartiin Dimokrataawaa Tigiraay (TDP) beeksise. Paartichi dhimma waqtaawaa irratti ibsa kenneen, adeemsi kun madaa seenaa ammaan duraa fayyisuun nagaa fi misooma waaraatiif karaa kan banudha jedheera. Sagaleenii fi fedhii dhugaan uummata Tigraay waltajjii biyyaalessaa irratti akka dhaga'amuuf, ajandaa walitti qabuurraa eegalee Komishinii Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa waliin dhiheenyaan hojjetaa turuusaa ibseera. Yeroo ammas hirmaattonni kutaa hawaasaa garagaraa irraa filataman bakka bu'oonni uummata Tigiraay 300 ol adeemsa kana irratti dammaqinaan hirmaachaa akka jiran beeksiseera. Paartichi dabaluudhaan, gareen seeraan ala ABUT ammas waraanaa faarsuun jireenya fi abdii fuula duraa dargaggootaa irratti gufuu uumaa jiraachuu ibseera. Paartichi dargaggoonni Tigiraay waraanaa fi diigumsa irraa bilisa ta'uudhaan karaa sirrii hordofuu akka qaban dhaameera. TDP'n Dargaggoota Tigiraay balaa walitti bu'insaa fi waraanaa irraa of baraaruuf gara Finfinnee fi naannoolee birootti baqachuun rakkoo hawaasummaafi dinagdee olaanaa keessa jiraniif qaamoleen mootummaa, abbootii qabeenyaa fi dhaabbileen arjooman deeggarsa barbaachisu akka taasisan waamicha dhiyeesseera.
Mariin Biyyaalessaa waltajjii guddaa boqonnaa haaraa banuun waliigaltee biyyaalessaa kan cimsudha – Mari’attoota
Aug 15, 2026 365
Hagayya 9/2018 (ENA): Mariin Biyyaalessaa adeemsifamaa jiru kun waltajjii guddaa seenaa Itiyoophiyaa keessatti boqonnaa haaraa banuun waliigaltee biyyaalessaa kan cimse ta’uu mari’attoonni himan. Mariin Biyyaalessaa Itiyoophiyaa inni guddaan Adoolessa 8, 2018 irraa eegalee Giddugala Walgahii Idil-addunyaa Addis konveenshinii keessatti gaggeeffamaa jira. Mari’attoonni 4000 lammiilee Itiyoophiyaa biyya keessaa fi biyya alaa jiraatan bakka bu’uun marii gadi fageenyaa fi hirmaachisaa ta’e ajandaawwan gurguddoo saddeet irratti gaggeessaa jiru. Hirmaattota ENA’n dubbise keessaa, obbo Tasfaayee Dajaneen, Adeemsi Marii Biyyaalessaa biyyattii keessatti boqonnaa haaraa banuun haala gaariin adeemsifamaa jira jedhani. Itti dabaluunis mariin kun rakkoolee yeroo dheeraaf furmaata dhabuun madda walitti bu’insaa ta’an furuun nageenya waaraa buusa jedhani. Marii kanarraa barumsi hedduun akka argameefi rakkoolee jiraniif furmaata hedduun akka dhiyaate himaniiru. Adeemsi marii biyyaalessaa kun imala Itiyoophiyaa fooyya’aa ijaaruuf taasifamu gara milkaa’ina guddaatti kan ceesiisu ta’uu ibsaniiru. Mari’ataan biraa obbo Ibsaa Ibraahim gama isaatiin adeemsi marii kanaa seenaa Itiyoophiyaa keessatti isa jalqabaa fi gaarii ta’uu ibsuun, waliigaltee biyyaalessaa cimsa jedhaniiru. Mari’ataan biraa obbo Boggaalee Sayidaa adeemsi kun qonnaan bultoota, horsiisee bultoota, qaama miidhamtoota, dubartootaa fi dargaggoota dabalatee kutaalee hawaasaa adda addaa bal’inaan kan hirmaachise waan ta’eef hirmaachisaa fi hunda kan hammate ta’uu ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Jilli diyaaspooraa dhaloota lammaffaa Kaanaadaarraa Finfinnee seenan
Aug 15, 2026 288
Hagayya 9/2018(ENA) : Jilli diyaaspooraa Itiyoophiyaa dhaloota lammaffaa Kaanaadaa irraa maatii isaanii kan hammate daawwannaaf Finfinnee seenaniiru. Jilli miseensoota 120 of keessa qabu kun wayita Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee gahan Tajaajila Diyaasapooraa Itiyoophiyaan simatamaniiru. Jalqabbiin akkasii diyaasporaa seenaa, aadaa fi eenyummaa Itiyoophiyaa waliin walitti fiduuf faayidaa guddaa qaba jedhameera. Gareen kun turtii baatii tokkoo Itiyoophiyaa keessatti taasisuun, waljijjiirraa aadaa fi beekumsa biyyaalessaa irratti muuxannoo kan qooddatan ta’uun himameera. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Miidiyaaleefi Hayyootni Gibtsii waa’ee Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaarratti yaadaan wal-faallessaa jiraachuu ibsame
Aug 14, 2026 521
Hagayya 8/2018(ENA): Gaazexeessaa fi barreessaa Zaahid Ziidaan akka ibsanitti, gabaasni miidiyaalee Gibxii waa’ee Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa dhiyeessan kan wal hin simne yoo ta’u, madaallii saayinsawaa ogeeyyii saayinsii fi bishaanii Gibtsii hedduu waliin kan wal-faallessudha jechuun ibsaniiru. Gaazexeessaa Zaahid ENA’f yaada kennaniin, marii fi falmiin Hidha Haaromsaa Guddichaarratti taasifamu xiinxala saayinsawaa fi teeknikaa irratti xiyyeeffachuu mannaa, seenaan miidiyaa ifa hin taaneefi wal-faallaa ta’een kan hoogganamu ta’uu ibsaniiru. Ji’oolojistiin Gibtsii Dooktar Abbaas Sharaaqii, hidhi kun uumamaan Gibtsii irratti miidhaa kamiyyuu akka hin geessisne ifatti kan ibsan ogeeyyii biyyattii keessaa tokko ta’uu gaazexeessaan kun eeraniiru. Akkasumas, saayinsistiin Gibtsii kan biraa Dooktar Sameeh Armaaniyoos, Hidhi Haaromsaa Guddichi pirojektii humna ibsaa maddisiisuuf bishaan fayyadamu yoo ta’u, bishaaniin hanqina hin uumin; humna elektirikaa erga maddisiisee booda bishaanichi kallattiin gara lagaatti kan deebi’u ta’uu isaa ibsaniiru. Haaluma walfakkaatuun, saayinsitistiin Hawaa Dooktar Faariq El-Baaz, hidhi kun bulchiinsi bishaanii fooyya’aa akka jiraatu gochuun, faayidaa Itoophiyaa qofa osoo hin taane faayidaa Sudaanii fi Gibtsiis eeguuf akka gargaaru ibsuu isaanii Gaazexeessaa fi barreessaa Zaahid Ziidaan himaniiru. Gaazexeessaan kun ogeeyyii Sudaan, kanneen akka Piroofeesar Saayif Al-Diin Haamaad dabalatee Ministira Bishaaniifi Jallisii Sudaan kan duraanii Usmaan Al-Toom eeruun, marii laga Abbayyaa irratti taasifamu keessatti sagaleefi wacaa siyaasaa osoo hin taane, ragaa saayinsawaa fi mirkanaa’aa irratti hundaa’uun xiinxala taasisuun barbaachisaa ta’uu hubachiisuu isaanii eeraniiru. Miidiyaaleen Gibtsii tokko tokko hidha kana yeroo barbaadan lolaafi barbadaa’uu bu’uuraalee misoomaa waliin walqabsiisu; yeroo biraa ammoo bishaan hir’achuu fi hongee fida jedhanii himatuun kan kaasan Gaazexeessaa Zaahid akka isaan jedhanitti, ilaalchi akkanaa yaada guutummaatti faallaa yaada hayyoota Gibtsii kan deemu tahuu hubachiisaniiru. Zaahid dabalataan akka ibsanitti, himannaan siyaasaa fi miidiyaaleen hidhi kun biyyoota yaa’a laga Abbayyaa jala jiran irratti balaa fida jedhanii dhiyeessan, fedhii siyaasaa kan of keessaa qabu malee, hundee saayinsawaa walitti fufiinsa qabu akka hin taane dubbataniiru. Akka isaan ibsanitti, seenaan dogoggoraa akkanaa mirga Itoophiyaan qabeenya uumamaa ishee jechuunis laga Abbayyaa gara biyyoota yaa’a gaditti yaa’u keessaa harka 86% kan ta’e, fayyadamuun misoomsuuf qabdu gufachiisuuf waggoota dheeraaf itti fufee kan turedha. Zaahid, baay’inni bishaanii waggaa guutuu laga Abbayyaa keessa darbu yeroo bonaafi roobaa irratti battalumatti adda baafamee beekamuu waan hin dandeenyeef, hanga bishaanii dursan tilmaamuun ykn murtii xumuraa kennuun akka hin danda’amne turtii ENA waliin taasisaniin ibsaniiru. Kanarra, miidiyaaleen Gibtsii “waca siyaasaa” irraa bahuun, qorannoowwan saayinsawaafi ragaa mirkanaa’aa irratti hundaa’uun gabaasa madaalawaa dhiyeessuu akka qaban Gaazexeessaa fi barreessaa Zaahid Ziidaan waamicha dhiyeessaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #

Hawaasummaa
Godina Wallagga Lixaatti Tajaajila Lammummaa Gannaan barattoota kuma 40 ol ta’aniif Barnoonni dabalataa kennamaa jira
Aug 17, 2026 55
Hagayya 11/2018 (ENA): Godina Wallagga Lixaatti Tajaajila Lammummaa gannaatiin barattoota kuma 40 ol ta'aniif barnoonni dabalataa kennamaa jiraachuu Waajjirri Barnoota Godinichaa beeksise. Godinni Wallagga Lixaa adeemsa baruu fi barsiisuu bu'a qabeessa gochuufi rakkoolee sadarkaa sadarkaan jiran furuuf barsiisota tola ooltotaa fi barattoota dhaabbilee barnoota olaanoo qindeemsuun tajaajila tola ooltummaa gannaa bal’aan gaggeeffamaa jira. Godinichatti Manneen Barnoota sadarkaa 1ffaa fi 2ffaatti dandeettii barattootaa cimsuuf sagantaalee adda addaa qopheessuudhaan, bara barnoota haaraaf bu'uura cimaa kaa'uu fi qabxii darbiinsaa gara sadarkaa olaanaatti ceesisuuf hojii bal'aa hojjetaa jiru. Itti Aanaan Hogganaa Waajjira Barnoota Godinichaa Obbo Tasfaayee Xoonee ENA’f akka ibsanitti, godinichatti qulqullina barnootaa fooyyessuuf tajaajila Lammummaa gannaan damee barnootaan hojiileen garagaraa raawwatamaa jiru. Qaama tajaalila Lammummaa gannaa kan ta'e kenninsi barnoota dabalaataa barattootaa gannaa manneen barnoota sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa 895 keessatti barattoota kuma 40 fi 387 f kennamaa akka jiru ibsaniiru. Kunis barattoonni barnoota fuulduratti baratan dursaanii akka hubataniif dandeettii isaanii gabbisuun barnoota idileetiin bu'a qabeessa akka ta'an kan gargaaru ta'uu addeessaniiru. Kana cinaattis bara barnoota dhufuuf ijaarsi bu’uuraalee Misoomaa fi hojiin fooyya’insa barnootaa tola ooltotaan bal’inaan raawwatamaa akka jiru kaasaniiru. Keessattuu godinichatti qabxii barattootaa fooyyessuuf bara barnoota xumurame keessa hojiileen bal'aan raawwatamaa turuu isaanii ibsaniiru. Haaluma kanaan barattoota bara 2018 qormaata kutaa 6ffaa fi 8ffaa fudhatan keessaa dhibbeentaa 74 ol kan ta'an qabxii darbiinsaa galmeessisuu isaanii eeraniiru. Bara barnoota haaraa dhufuttis bu'aa kana gara dhibbeentaa 80tti ol guddisuuf qaamolee dhimmi ilaallatu waliin hojii qindoominaa raawwachuuf garanumaan qophaa'uu isaanii hubachiisaniiru. Godinichatti daarektarri Mana Barnootaa Sadarkaa 1ffaa Laaloo Asaabii Obbo Shuraamuu Efireem gamasaaniitiin, tajaajila tola ooltummaa gannaatiin barattoota 180’f barnoota dabalataa kennuusaanii dubbataniiru. Sagantaa kana irratti barsiisonni aanaa fi barattoonni dhaabbilee barnoota olaanoo garagaraa irraa walitti babahan hirmaachaa akka jiran ibsaniiru. Kunis barattoonni barnoota fuulduratti baratan dursaanii akka hubatanii barnoota daree Idileetti kennamu salphaatti akka qabatanii fi qulqullina barnootaa eeguu bira darbee qabxii barattootaa fooyyessuu keessatti shoora olaanaa akka qabu ibsaniiru. Barattoota barnoota dabalataa fudhatan keessaa barataan kutaa 8ffaa Tamasgeen Misgaanaa, barnoonni sagantaa kanaan kennamaafii jiru barnoota daree idileetti baratan salphaatti akka hubatan kan gargaaru ta'uu dubbateera. Barattuu Iilaamee Salamoon gamasheetiin barnoonni dabalataa kennamaafii jiru bara barnoota dhufuuf bu'a qabeessa akka isaan taasisu dubbatteetti.
Yuunivarsiitiin Jimmaa Sagantaalee Barnootaa digiirii 2ffaa haaraa 20 qopheessuun gara hojiitti seensisaa jira
Aug 17, 2026 60
Hagayya 11/2018 (ENA): Yuunivarsiitiin Jimmaa fedhii biyyaafi guddina teeknoolojii yerichaa kan gidduugaleeffate sagantaalee barnootaa digirii 2ffaa haaraa dhaabbilee dhimmi ilaallatu waliin ta’uun qopheessee gara hojiitti seensisaa jiraachuu beeksise. Yuunivarsiitichi sagantaalee digrii lammaffaafi sadaffaa (Mastersii fi PhD) 20 qopheessee gara hojiitti seensisaa kan jiru yoo ta'u, sagantaaleen kunis Itoophiyaatti Lammiilee Sadarkaa Addunyaatti dandeettii qaban, guddina Teeknoolojii waliin kan tarkaanfataniifi dorgomaa ta'an horachuuf kan kaayyeffatame ta'uu ibseera. Sadarkaa Qulqullina sagantaalee kanaa mirkaneessuuf ogeessota biyya keessaafi Alaaf, Hayyoota Yuunivarsiitichaa fi qaamolee qooda fudhattootaa waliin qorannoo gadi fageenyaa gaggeeffamaa akka jiru Itti Aanaan Pirezidaantii Dhimma Akkaadaamii Yuunivarsiitichaa Doktar Taaddasaa Habtaamuu ibsaniiru. Barri kun bara teeknoolojiin ariitiidhaan jijjiiramaa jiru waan ta'eef, sagantaaleen haaraa kunis guddina teeknoolojii baraa haala madaaluun kan qophaa’an ta'uu isaaniiru. Gara biraatiin, Daayirektarri Kutaa Barnoota digirii 2ffaa Yuunivarsiitii Jimmaa Doktor Baqqaaluu Farradaa akka ibsanitti, sagantaaleen haaraa kunis kallattii Misoomaafi guddina biyyaa irratti hundaa’anii kan qophaa’an ta’uu addeessaniiru. Sagantaalee kana keessatti barattoonni leenji'an adeemsa guddina biyyaa keessatti gahee qaban akka bahanii fi ashaaraasaanii akka kaa’aniif yaadamee hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Sagantaaleen kunis qo’annoo barbaachisu hunda kan darban ta'uu kan eeran daayirektarri kun, guutummatti gara hojiitti galchuuf qophiileen hafan xumuramaa akka jiran addeessaniiru. Yuunivarsiitichi gara fuulduraattis sagantaalee walfakkaatan qopheessuudhaan lammiilee dandeettii qaban horachuu hojii isaa cimsee kan ittifuufu ta'uu ibseera.
Magaalaa Adaamaatti Bara Barnoota Dhufuuf Walta'iinsa Mootummaa fi Uummataan Manneen Barnoota Bu’uurri Boruu 19 Ijaaraman
Aug 17, 2026 61
Hagayya 11/2018 (ENA): Magaalaa Adaamaatti walta'iinsa bulchiinsa magaalaa fi uummataan manneen barnoota Bu’uura Boruu 19 ijaaramuun bara barnoota dhufuuf tajaajila baruuf barsiisuuf banaa ta'aniiru. Hoogganaan Waajjira Barnoota Bulchiinsa Magaalattii obbo Darajjee Tasfaayee ENA’f akka ibsanitti, bu'uurri barnootaa barnoota idileen duraa waan ta'eef xiyyeeffannoon irratti hojjetamaa jira. Bulchiinsa magaalichaatti manneen barnoota Bu’uura Boruu babal'isuudhaan dhaqqabamummaa barnootaa dabaluuf bara baajataa xumurame keessa hirmaannaa mootummaa fi uummataan ijaarsi manneen barnoota idileen duraa haaraa 19 xumuramuusaa ibsaniiru. Manneen barnootaa kunniin baasii birrii miiliyoona 40 ol ta'een kan ijaaraman ta'uu ibsuun; adeemsa ijaarsaa keessatti hirmaannaan uummanni ofuuma isaatiin gumaache baay'ee dinqisiisaa ta'uu eeraniiru. Manneen barnootaa kunniin bara barnoota 2019 keessa daa'imman umuriin isaanii barnootaaf ga'e kuma 3 fi 800 ta'an dhiyootti barnoota akka argatan kan dandeessisudha jedhaniiru. Kunis daa'imman umuriin isaanii barnootaaf ga'e baratanii gara kutaa 1ffaatti akka galan gochuudhaan, qulqullina barnootaa jalqaba irratti mirkaneessuuf gumaacha guddaa akka qabu ibsaniiru. Barnoota idileen duraa of danda'ee akka gurmeeffamuu taasisun barattoonni ulaagaa irraa eegamu guutatanii kutaa gara kutaatti akka darban kan dandeessisudha jedhaniiru. Kanaan dura daa'imman barattoota idilee waliin waliiti makamanii barachuun isaanii dhiibbaa hedduu irratti uumaa akka ture kan yaadachiisan hoogganaan kun; barnoota dhalootaaf dabarsuuf tattaaffii godhameen barnoota umurii isaaniitiin walsimatu naannoo barnootaa adda ta'e keessatti akka argatan haalli mijaataan uumameera. Hojii baruuf barsiisuutiif naannoo barnootaa mijaataa uumuuf tattaaffii godhamu keessatti jiraattonni, abbootii qabeenyaa, qaamoleen mootummaa fi miti-mootummaa hirmaannaa isaanii akka cimsan gaafataniiru. Bara baajataa haaraa keessattis hirmaannaa maallaqaa fi meeshaa uummatni gumaachuun ijaarsa manneen barnoota idileen duraa dabalataa babal'isuuf karoorfamuu dubbataniiru. Manguddoo Biyyaa Magaalaa Adaamaa kan ta’an obbo Fayyisaa Magarsaa yaada kennaniin, sektera barnootaa fooyyessuuf hojiin hojjetamu dhaloota beekumsa, dandeettii fi ilaalchaan gahumsa qabu horachuuf shoora murteessaa akka qabu ibsaniiru. Kana hubachuudhaan isaan dabalatee jiraattonni magaalattii sektera barnootaa sadarkaa ol'aanaadhaan deeggaraa akka jiran dubbataniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Kenninsi Tajaajila Lammummaa rakkoo Hawaas-Dinagdee furaa jira– Dr.Tashoomaa Addunyaa
Aug 17, 2026 83
Hagayya 11/2018 (ENA): Kenni Tajaajila Lammummaa madda dinagdee ta'uun rakkoo Hawaas-Dinagdee furuun fayyadamummaa ummataa mirkaneessaa jiraachuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa shaggar Dr.Tashoomaa Addunyaa ibsan. Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Buraayyuutti sossochii kenna tajaajila lammummaa gannaa bara 2018 deeggarsi meeshaalee adda addaa taasifameera. Mootummaan Naannoo Oromiyaa Kenni tajaajila lammummaa aadaafi duudha ganamaa ummata Oromoo Sirna Gadaa irraa waraabuun sirneessuun hojii irra olcheen hojiilee misooma rakkoo ummataaf furmaata waaraa argamsiisan milkeessuun fayyadamummaa ummataa mirkaneessaa jira. Bulchiinsa Magaalaa Shaggarittis kenna tajaajila lammummaan hojiilee Misoomaa, Hawaasummaafi nageenyaan hojjetameen baajata mootummaa caalaa bu'aa fayyadamummaa ummataa mirkaneessan argamsiiseera. Gosoota hojii garaagaraan sagantaa kenna tajaajila lammummaan Magaalicha keessatti hojjetamaan rakkoon hawaas-dinagdee furamuun hawaasni aadaa wal-gargaarsaa ganamaa isaa humna waloon misooma waloo isaa dhugoomsachaa jiraachuu ibsaniiru. Kutaalee Magaalichaa garaagaraa keessatti sossochiin Kenna tajaajila lammummaa qindoominaan hojiirra oolaa jira jedhaniiru. Kanaanis Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Buraayyuutti Sossochii kenna Tajaajila Lammummaa Gannaa bara 2018n Meeshaaleen garaagaraa waliitti qabaman harka qalleeyyiif, Manneen Barnootaafi Buufata Fayyaaf bakka hoggantootni Magaalaa ,Kutaa Magaalaa, hawaasniifi Abbootii Gadaa akkasumas Haadholiin Siinqee argamaniitti deeggarsi taasifameera. Sadarkaa Itti Aanaa Pirazidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Kantiibaan Magaalaa Shaggar Dr. Tashoomaa Addunyaa injifannoo gama misoomaa, dinagdeefi hawaasummaan magaalicha keessatti galmaa'ee keessatti hirmaannaan ummataa qooda olaanaa akka qabu kaasaniiru. Saganticharratti ammayyummaan Magaalaa tokko safartuun isaa rakkoo hawaas-dinagdee ummataa fureen akka madaalamuus dubbataniiru. Kenni Tajaajila Lammummaa madda dinagdee ta'uun rakkoo rakkoo hawaas-dinagdee furuun fayyadamummaa ummataa mirkaneessaa akka jiru Dr. Tashoomaan kaasanii , hojiileen misoomaa garaagaraa qarshii biliyoona 28 oliitti tilmaamamuun sagantaa kenna tajaajila lammummaan magaalichatti hojjetamuus himaniiru. Bulchaan Kutaa Magaalaa Buraayyuu Obbo Abaatee Asraat kenni tajaajila lammummaa Aadaa wal-gargaarsaa Sirna Gadaa keessaa warabaamee hojii irra oleen fayyadamummaan ummataa mirkanaa'aa akka jiru himaniiru. Kutaa Magaalichatti hojii kenna tajaajila lammummaa qarshii biliyoona 2tti tilmaamamu akka raawwatame dubbataniiru. Sagantaa kenna tajaajila lammummaan bara darbeen manneen barnootaa Bu'uura Borii 10 ijaaramuufi sossochii kenna tajaajila lammummaa bara 2018 manneen barumsa Bu'uura Borii 5, Mana Qorichaa Hawaasaa tokkoofi Ijaarsa manna harka qalleeyyii 45 ijaarsi eegaluu obbo Abaateen dabaluun himaniiru. Sagantaa kanarratti deeggarsi adda addaa taassifamuusaas odeeffannoon koomunikeeshinii magaalicharraa argame mul'isa.
Diinagdee
Yunivarsiitiin Bulee Horaa Albuudaarraa galii barbaachisaa argamsiisuuf Barnootaan, Qorannoo fi ijaarsa dandeettiin shoora isaa bahaa jira
Aug 17, 2026 10
Hagayya 11/2018 (ENA): Itoophiyaan Albuudarraa galii isheef malu akka argattuuf Yunivarsiitiin Bulee Horaa Barnootaan, Qorannoo fi ijaarsa dandeettiitiin shoora isaa bahaa jiraachuu beeksise. Dameen Albuudaa guddina dinagdee walii gaalaatiif fi argama sharafa alaa keessatti gumaacha olaanaa waan taasisuuf xiyyeeffannoon kan kennameef yoo ta'u, damicha ammayyeessuufi dandeettii isaa guddisuuf teeknooloojii, qorannoofi leenjii ogeessotaa irratti hojiiwwan hedduun hojetamaa jiru. Akkasumas Hawaasa Naannichaa hojii Albuuda baasuu mala Aadaa irraa gara ammayyaatti ceesisuun, hojii Albuudaa baasuu fulla’aa fi fayyaalessa ta'e ijaaruuf carraaqqiin tasifamaa jira. Yunivarsiitiin Bulee Horaa Albuuda, Beekumsa Mandhalee, Qonnaafi beellada akkasumas damee Fayyaa irratti xiyyeeffachuun hojjechaa jira. Itti gaafatamaan Kutaa Barnoota Gii’ooloojii fi Albuudaa Yuunivarsiitichaa Obbo Musxafaa Mahaammad akka ibsanitti, Yuunivarsiitichi yeroo ammaa sadarkaa digirii fi digirii lammaffaatiin (maastersiin) barattoota Maayiningii fi Gii’ooloojiitiin barsiisaa jiraachuu ibsaniiru. Hojii baruu fi barsiisuun alaas, hojii qo’annoo fi qorannoon rakkoo hawaasaa furuuf damee albuudaa irratti qorannoo garaa garaa gaggeessaa jiraachuu eraniiru. Yeroo ammaa Itoophiyaan damee Albuudaatiif xiyyeeffannoo addaa kennuu ishee caqasuun, galii damicharraa argachuu qabdu akka argattuus barnootaan, qorannoofi deeggarsa ijaarsa dandeettiitiin shoora isaa bahaa jira jedhaniiru. Hojii Albuudaa kanaan dura mala aadaa ture ammayyeessuuf leenjiifi deeggarsa ijaarsa dandeettii kennuudhaan hawaasni mala aadaa irraa gara ammayyaatti akka ce'u leenjiiwwan dandeessisan kennamaa jiraachuu ibsaniiru. Itti Aanaa Pirezidaantii Akkaadaamii Barnootaa Yuunivarsiitii Bulee Horaa Dr.Gabayyoo Ashaagiree akka jedhanitti, Yuunivarsiitichi damee Albuudaatiif xiyyeeffannoo addaa kennuudhaan sagantaawwan sirrii ta'an qopheessee hojjechaa jira. Albuudni Sadarkaa Dhaabbataatti akka of danda'uuf Laabiraatooriiwwan kurfeessuu, barsiisota muuxannoo qaban walitti qabuufi Yuunivarsiitiiwwan gurguddoo garaa garaa waliin ta'uun barsiisuu, qorannoofi tajaajila hawaasaa tumsaan hojjechaa jiru. Kanaafis laaboraatooriin ammayyaa gurmaa'uu eeruun, biyyattiin naannicharraa fayyidaa argachuu qabdu akka argattuus hojii barsiisuufi qorannoo irratti waliin hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Pirezidaantiin Yuunivarsiitii Bulee Horaa Dr.Tamasgeen Dabaloo gama isaaniitiin, Yuunivarsiitichi Albuuda akka kallattii xiyyeeffannoo tokkootti akka irratti hojjetu mootummaan kan barbaadeef Naannoon Gujii Albuudota hedduu kan qabu waan ta'eefi jedhaniiru. Kanaafis Yuunivarsiitichi Albuuda akka kallattii xiyyeeffannoo gudaatti godhatees hojjeta jedhaniiru.
Mootummaan Naannowwan Baadiyyaatti Pirojektii Annisa Aduu hojiirra oolchaa jira
Aug 17, 2026 21
Hagayya 11/2018 (ENA): Mootummaan Naannoowwan Sarara Elektiriikii gudaarraa fagaatanitti madden Anniisaa Aduu bal'isuuf carraaqqiin taasisu dhaqqabamummaa Elektiriikii dabalaa jiraachuu Ministeerri Bishaanfi Inerjii ibse. Godina Harargee Lixaa Aanaa Hawwii Gudinaatti Pirojektiin Aannisaan Aduu baajata birrii miiliyoona 800 ol ta'uun ijaarame eebbifamee tajaajila kennuu eegaluunsaa ibsameera. Deetaan Ministira Bishaaniifi Inerjii Dr.Injiinar Sulxaan Walii pirojekticha eebbisuun yeroo hojii eegalchiisaan akka jedhanitti, sarara gudaan alatti hojiin Annisaa babal’isuu raawwatamu dhaqqabamummaa elektiriikii dabalaa jiraachuu dubbataniiru. Kanaanis dhaqqabamummaan Elektiriikii Itoophiyaa waggaa shaniin dura dhibbeentaa 43 irra kan ture gara 63 tti gudachuu ibsuun; kanaafis maddeen Annisaa Aduu shoora olaanaa gumaachuusaa dubbataniiru. Godina Harargee Lixaa Aanaa Hawwii Gudinaatti ijaaramuun Isteeshiniin Annisaa Aduu Haalo Gubbaa, torban Baatee fi Haaro Eebbaa hojiif banaa ta’e maatii kuma 5 ol tajaajiluu kan danda'an ta'uu isaanii dubbataniiru. Naannowwan baadiyyaatti hojiin Tajaajila Elektiriikii dhaqqabsiisuu cimee kan itti fufu ta'uu eeruun; uummannis pirojektiiwwan ijaaraman eeguu fi kunuunsuun itti gaafatamummaa isaa akka bahatu hubachiisaniiru. Itti Aanaa Bulchaa Godina Harargee Lixaa Obbo Tashooma Kabbadaa gama isaaniitiin, Godinichatti bara bajataa kanaan birrii biiliyoona ja’a oliin pirojektiiwwan misoomaa ijaaramanii xumuramuun tajaajilaaf ga’uu ibsaniiru. Jiraattonni aanichaa akka jedhanitti, kanaan dura tajaajila baabura Midhaan daaku argachuuf kiiloomeetira 25 ol deemuuf dirqamaa akka turaniifi amma garuu naannoo jireenya isaaniitti tajaajilicha argachuu danda'uu isaaniitti gammaduu isaanii dubbataniiru. Keessattuu tajaajila Elektiriikii Mana keessatti fayyadamuu isaaniitiin alatti hanga Manneen Barnootaafi Dhaabbilee Fayyaatti dhaqqabuusaatti gammaduu isaanii ibsaniiru. Pirojektiiwwan kunniin waggaa tokkofi ji'a ja'a hin guunne keessatti baasii birrii miiliyoona 800 oliin kan ijaaraman ta'uun; walumaagalatti humna kiiloowattii 931 ol maddisiisuu kan danda'u ta'uun ibsameera.
Yuunivarsiitiin Bulee Horaa galii sirrii albuuda irraa argamuuf barnootaan, qorannoo fi ijaarsa dandeettiitiin gumaachaa jira
Aug 17, 2026 79
Hagayya 11/2018 (ENA): Yuunivarsiitiin Bulee Horaa galii sirrii albuuda irraa argamuuf barnootaan, qorannoo fi ijaarsa dandeettiitiin gumaachaa jiraachuu beeksise. Dameen albuudaa guddina diinagdee waliigalaa fi galii sharafa alaa keessatti gumaacha olaanaa akka taasisu xiyyeeffannoon addaa kennamee, damicha ammayyeessuun dandeettii isaa guddisuuf hojiiwwan hedduun teeknooloojii, qorannoo fi leenjii ogummaatiin hojjetamaa jiru. Kana malees, hawaasa naannoo mala aadaa irraa gara ammayyaatti jijjiiruun adeemsa albuudaa itti fufiinsa qabuu fi fayya qabeessa ta’e ijaaruuf tattaaffiin taasifamaa jira. Yuunivarsiitiin Bulee Horaa albuuda, beekumsa mandhalee, qonnaa fi horsiisa beeyladaa, akkasumas damee fayyaa irratti xiyyeeffatee hojjechaa jira. Yunivarsiitichatti Hogganaan Kutaa Saayinsii Dachee fi Albuudaa obbo Musxafaa Mahaammad akka jedhanitti, yeroo ammaa Yuunivarsiitichi barattoota sadarkaa digirii jalqabaa fi lammaffaa albuudaa fi ji’ooloojiitiin barsiisaa jira. Barsiisuun alattis damee albuudaa irratti qorannoo adda addaa gaggeessuun rakkoo hawaasaa qorannoo fi misoomaan furuuf gaggeessaa jiraachuu ibsaniiru. Teessumni teessuma lafaa mijaa’aan yuunivarsitichi albuudaan kan badhaadhe ta’uu ibsuun, kunis sababoota yunivarsiitichi damichaaf xiyyeeffannoo addaa kenneef keessaa isa tokko ta’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaan yeroo ammaa damee albuudaaf xiyyeeffannoo addaa kennitee galii damee kanarraa malu akka argattu damee barnootaan, qorannoo fi ijaarsa dandeettii keessatti gahee ishee bahaa akka jirtu hubachiisaniiru. Hojii albuudaa kanaan dura haala ammayyaa hin taaneen hojjetamaa ture ammayyeessuuf leenjii kennaa akka jiran, akkasumas hawaasni mala aadaa irraa gara ammayyaatti akka ce’u gargaaruuf leenjii fi deeggarsa ijaarsa dandeettii kennaa akka jiran ibsaniiru. Akka Itti aanaan Pireezidaantii Akaadaamii Yunivarsiitii Bulee Horaa Gabayyoo Ashaagiree (PhD) jedhanitti, yuunivarsiitichi damee albuudaa xiyyeeffannoo addaatiin sagantaalee mijatoo ta’an dizaayinii gochuu irratti hojjechaa jira. Yuunivarsiitichi sadarkaa inistiitiyuutiitti of gurmeessuu laaboraatooriiwwan gurmeessuu, barsiisota muuxannoo qaban walitti qabuu, Yuunivarsiitii gurguddoo adda addaa waliin ta’uun barnoota, barsiisuu, qorannoo, fi tajaajila hawaasaa gaggeessuu irratti hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Kanaafis laaboraatooriin ammayyaa gurmaa’uu eeruun, biyyi naannoo irraa fayyadamoo akka ta’uuf baruu, barsiisuu, fi qorannoo irratti waliin hojjechaa akka jiran ibsaniiru. Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Bulee Horaa Tamasgeen Dabaloo (PhD), gamasaaniitiin, mootummaan yuunivarsitichi albuuda irratti akka xiyyeeffatu kan barbaade inni guddaan naannoon Gujii albuuda hedduu waan qabuufidha jedhan. Kanaafidha yunivarsiitichi albuuda irratti xiyyeeffannaa ijoo godhatee hojjechaa kan jirus jedhaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Misooma Avokaadoo ammayyeessuun fayyadamummaa guddisuuf xiyyeeffannoon kennameera – Roozaa Umar
Aug 16, 2026 167
Hagayya 10/2018 (ENA): Misooma avokaadoo mmayyeessuudhaan fayyadamummaa uummataa guddisuuf xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jiraachuu Itti Aantuun Pirezidaantii Naannoo Hararii Aadde Roozaa Umar ibsan. Naannoon Hararii Naannoolee 10 Inisheetiiviin Misooma Avokaadoo biyyaalessaa keessatti hojiirra oolu keessaa tokko yoo ta'u, guyyaa har’aa kilaasteroota Baadiyyaa fi Magaalaatti sagantaan dhaabbii Biqiltuu Avokaadoo raawwatameera. Itti Aantuun Pirezidaantii Naannichaafi Hoggantuun Biiroo Qonnaa fi Misoomaa Aadde Roozaa Umar akka jedhanitti; Mootummaan Naannichaa Inisheetiiviiwwan hedduu bocuudhaan hojiirra oolchaa jira. Yeroo ammaa avokaadoo dabalatee hojiilee misooma Muduraa fi Kuduraa biroo irratti omishaa fi omishtummaa guddisuuf carraaqqiin bal'aan taasifamaa akka jiru ibsaniiru. Kaayyoo guddaan Inisheetiivii Misooma Avokaadoo Omisha Teekinoolojiidhaan ammayyeessuun, Qonnaan bulaa fayyadamaa taasisuu, Omishicha gabaa alatti dhiyeessuu,Sadarkaa maatiitti wabii nyaataa mirkaneessuu, fi Carraa hojii uumuu dha jedhaniiru. Gama biraatiin, qilleensi Naannichaa Misooma Avokaadotiif mijataa ta'uu kan dubbatan immoo Biiroo Misooma Qonnaa naannichaatti Qindeessaan Misooma Avokaadoo biyyaalessaa Obbo Mahaammad Reediwaani. Sanyiiwwan Avokaadoo fooyya'an kuma 106 qophaa'uu fi biqiltuuwwan kana lafa hektaara 100 baadiyyaa fi magaalaa irratti misoomsuuf karoorfamuu ibsaniiru. Sagantaa biqiltuu dhaabbii kana irratti kan hirmaatan keessaa Dargaggoo Maaruufaa Muussaa fi Qonnaan Bulaa Abdi Bayyaan bu'aa sagantaa asharaa magariisaatiin dhaabbii biqiltuu muduraa irraa argame bu'uura godhachuudhaan Avokaadoo caalaatti misoomsuuf kakka'umsa arganneerra jedhaniiru. Misoomni Avokaadoo fayyadamummaa mirkaneessuu bira darbee carraa hojii kan uumu ta'uusatiin bal'inaan hirmaachaa akka jiranis eeraniiru.
Saayinsii fi teeknooloojii
Manneen Murtii Oromiyaa teekinooloojii Dijiitaalaa Hojiirra oolchuun kenna tajaajilaa haqaa saffisiisaa jira – Teediroos Mihirat
Aug 16, 2026 150
Hagayya Hagayya 10/2018 (ENA): Manneen Murtii Oromiyaa teekinoloojii Dijiitaalaa hojiirra oolchuun kenna tajaajilaa saffisiisaa jiraachuu Pirezadaantiin Mana Murtii Waliigalaa Federaaalaa Obbo Teediroos Mihirat ibsan. Yaa’iin Abbootii Seeraa bilisummaa abbaa seerummaafi haqaa Heera mootummaan kennameef akka dhugoomu kan gargaaru ta’uu, Pirezadaantiin Mana Murtii Waliigalaa Federaaalaa Obbo Tewodiroos Mihirat dubbataniiru. Manneen Murtii Oromiyaa teeknoloojiitti gargaaramuun tajajaila dijiitaalaa hojiirra oolchuun manneen murtii naannolee biyyattiif fakkeenya kan ta’uufi kan galateeffamu ta’uusaa dubbataniiru. Qulqullina, saffisaafi bu’a qabeessummaa haqaa mirkaneessuun ammoo hojii tumsa hundaa barbaadudha jechuun, Yaa'ii Abbootii Seeraa Naannoo Oromiyaa 8ffaa Magaalaa Bishooftuutti taa'amaa jirurratti argamuun dubbataniiru.
Tajaajilli Wiirtuu tokkoo Masoob kenna tajaajila Mootummaa Ammayyeessun Itti Quufinsa maamilaa dabalaa jira
Aug 13, 2026 357
Hagayya 07/2018 (ENA): Tajaajilli Wiirtuu tokkoo Masoob kenna tajaajila Mootummaa Ammayyeessun Itti Quufinsa maamilaa dabalaa jira Itti Aanaa Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii fi hoggantoonni olaanoon sadarkaa gara garaa Wiirtuu Tajaajila tokkoo Masoob Aanaa Maannaa daawwataniiru. Tajaajilli Wiirtuu tokkoo Masoob magaalotaa fi aanaalee keessatti babal’achaa jiru tajaajila mootummaa duraan bifa bittinnaa'een kennamaa tureefi qisaasama yeroo fi baasii hin malleef hawaasa Saaxilaa ture bu'uurarraa furuun itti quufiinsa maamilaa dabalaa akka jiru Obbo Awwaluun ibsaniiru. Yeroo ammaa kanattis magaalotaafi aanaalee Oromiyaa 96 keessatti baballachuun kaayyoo qabameef milkeessaa akka jirus himaniiru. Wiirtuun tajaajila tokkoo Masoob Bulchiinsa Aanaa Maannaa tajaajiloota 88 seekaroota aanichaa 10 irraa fooddaawwan 9 fi ogeeyyii 43 ta'aniin tajaajila kennaa jira. Daawwannaa kanarratti Ittigaafatamaa Damee Siyaasaa Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Namarraa Buliifi Bulchaa Godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasir dabalatee Bulchoota Godinaaleefi Kantiibota Magaalota ollaa dabalatee qaamoleen gara garaa argamuusaanii odeeffannoon BKO argame mul’isa.
Hannaa fi Malaammaltummaa Dhabamsiisuu Keessatti Gahee Wiirtuu Tajaajila Iddoo Tokkoo (Masoob)
Aug 11, 2026 419
Hannaa fi Malaammaltummaa Dhabamsiisuu Keessatti Gahee Wiirtuu Tajaajila Iddoo Tokkoo (Masoob) Malaammaltummaan, hannii fi saamichi daranyoo guddina biyyaa fi diina bulchiinsa gaariiti. Tajaajilli mootummaa yeroo dheeraaf lafarra harkifachuu, iftoomina dhabuu fi hojmaata boodatti hafaa ta’een kan deeggaramu yoo ta’e, gufuu guddaa qulqullina tajaajilaa uumuun uummata komii keessa galchaa tureera. Haata’u malee, Mootummaan rakkoo fi hudhaa waggoota hedduuf uummata danqaa ture kana furuuf tarkaanfii seenaa-qabeessa fudhataa jira. Isaan keessaa inni ijoon Wiirtuu Tajaajila Iddoo Tokkoo (Masoob) teknoolojiidhaan deeggaruun hojiirra oolchuudha. Masoob tajaajila mootummaa si’ataa, ammayyaa'aa fi dhaqqabamaa gochuu qofa osoo hin taane, qaawwa malaammaltummaa fi saamicha diriiree ture cufuu keessatti gahee murteessaa qaba. Mootummaan bulchiinsa gaarii fi amanamummaa kenna tajaajilaa haqa-qabeessa, ammayyaa'aa fi malaammaltummaa irraa bilisa ta'e kennuuf hojjechaa jira. Wiirtuun Tajaajila Iddoo Tokkoo (Masoob) hudhaawwan waggoota hedduuf uummata rakkisaa turan furuudhaan itti-quufinsa uummataa mirkaneessaa jira. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad 'aappilikeeshinii' tajaajiloota bakka adda addaatti kennaman bakka tokkotti walitti fiduu fi tajaajila dijitaalaa qindaa'aa Afrikaatti kan jalqabaa yeroo eebbisaniitti akka jedhanitti, appilikeeshiniin kun tajaajiloota dhaabbilee garagaraa keessatti kennaman waltajjii tokkorratti kan walitti fidu akka ta’e dubbataniiru. Milkaa’inni guddaan kun biyya keenya guddaa kan boonsu ta’uun olitti teeknooloojiin kan gaggeeffamuu fi invastimantiin kaayyoon gaggeeffamu maal akka buusuu danda’u kan mirkaneessudha jedhanii turan. Bu’uura misoomaa dinagdee isa ijoo kan ta’e tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob, yeroo ni qusata, ulaa malaammaltummaa akka duuchu ibsanii, gama mootummaatiin amanamummaa fi cimina akka gabbisu dubbataniiru. Milkaa’ina kana akka cimsinu, muuxannoo keenya obbolootaa keenya Afriikaanotaaf akka qoodnu, akkasumas bu’aa kana caalu galmeessuuf kutannoon tarkaanfachuu barbaachisa jedhaniiru. Wiirtuu Tajaajila Iddoo Tokkoo (Masoob) Qaawwa Malaammaltummaa fi Saamichaa Akkamitti Cufa? Masoob sirna kenna tajaajilaa duraan ture sirreessuudhaan malaammaltummaa fi hanna qabataamaan hir’isa: Deddeebii fi Dhamaatii Hambisuu: Abbootiin dhimmaa waajjiraa waajjiratti deddeebi’uu fi deddeebisuun karaa itti mattaayaan gaafatamuu fi saaxilaman ture. Masoob tajaajila iddoo tokkotti waan walitti fiduuf, walitti dhufeenya kallattii abbaa dhimmaa fi tajaajila kennaa sana gidduu jiru hir’isuun carraa malaammaltummaa dhabamsiisa. Dijitaalessuu: Tajaajila tekinoolojiin deeggaramee fi dijitaala ta’e fayyadamuun hojmaata waraqaa ta’e ni dhabamsiisa. Hojmaanni dijitaalaa galmeen isaa ifa waan ta’eef, hannaa fi maallaqa seeraan ala gaafatamu hanqisa. Iftoomina fi Itti Gaafatamummaa: Sirni Masoob hojiiwwan hunda iftoominaan akka raawwataman taasisa. Namni tajaajila kennu beekumsa qabuu fi malaammaltummaa irraa bilisa ta’een akka deeggaramu gochuun, itti gaafatamummaa diriirsa. Yeroo fi Baasii Qusachuu: Tajaajila ariifataa sa'aatii muraasa keessatti kennuun, namoonni tajaajila saffisaa argachuuf jecha matta’aa akka hin kennine gochaa jira. Tarkaanfii Tarsiimawaa fi Bu'aawwan Galmaa'an Deddeebii fi dhamaatii tajaajilamaa xiqqeessuu. Tajaajila mijataa, saffisaa fi qulqullina qabu tekinoolojiin deeggaruudhaan baasii xiqqeessuu. Sirna iftoominaa fi itti gaafatamummaa diriirsuudhaan amantaa lammiilee guddisuu. Tajaajilli wiirtuu tokkoo akka naannoo Oromiyaattis magaaloota baay'ee irratti tajaajila kenna. Kanaanis itti-quufinsa uummataa haalaan kennuun rakkoolee kana dura hojmaata badaa waliin qabatee jiru hiikaa jira. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Hojiin humna namaa gahumsa qabu misoomsuu, kan naannoo nageenya saayibarii nageenya qabu ijaaruuf murteessaa ta’e cimee itti fufa
Aug 11, 2026 321
Hagayya 5/2018 (ENA): Itoophiyaatti haala nageenya saayibarii nageenya qabu ijaaruuf murteessaa kan ta’e hojiin humna namaa gahumsa qabu misoomsuu cimee itti fufa jedhan Daayrektarri Olaantuun Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa Tigist Hamiid. Leenjiin Kalaqa Saayibarii Waqtii Gannaa marsaa 5ffaan guyyaa har’aa eegalameera. Aadde Tigist Hamiid wayita kana leenjichi nageenyaafi birmadummaa saayibarii biyyattiif bu’uura kan kaa’u ta’uus ibsaniiru. Humna namaa gahoomsuu irratti hojjetamaa akka jiru eeranii, ittisa saayibarii milkaa’ina qabuuf misooma guddattoota irratti xiyyeeffatuuf xiyyeeffannoon kennamuus kaasaniiru. Pireezidaantiin Yuuniivarsiitii Saayinsiifi Teeknooloojii Finfinnee Dooktar Asraat Atsadawayin gamasaaniin, misoomni teeknooloojiirratti hundaa’e badhaadhina waaraa biyya tokkoof murteessaa ta’uu dubbataniiru. Sagantichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaan nageenyaafi birmadummaa Saayibarii biyyattii mirkaneessuuf yaadamee kan qophaa’e ta’uun eerameera. Leenjichaaf barattoonni kumni 14 ol kan galmaa’an yoo ta’u kanneen keessaa kumni 1 fi 249 leenjicha fudhachaa jiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Ispoortii
Taphni Arsenaal fi Maanchisteer Siitiin Waancaa Koomuniitii Shiildii fudhachuuf taasisan hawwiin eegama
Aug 16, 2026 161
Hagayya 10, 2018 (ENA): Taphi xumura Waancaa Koomuniitii Shiildii kan bara 2026 gidduu Arsenaal fi Maanchisteer Siitiitti har'a ni gaggeeffama. Taphi kun sa'aatii 11:00 irratti magaalaa guddoo Weels, Kaardif keessatti Istaadiyeemii seenaaqabeessa Pirinsiipaalitiitti kan gaggeeffamu ta'a. Taphi baninsa bara dorgommii haaraa kan xiyyeeffannoo guddaa qabu kun, shaampiyoonaa Piriimiyer Liigii Ingiilaand bara 2025/26 kan ta'e Arsenaal fi mo'ataa Waancaa FA (FA Cup) bara 2026 kan ta'e Maanchisteer Siitii kan walqunnamsiisudha. Arsenaal waggoota 22 booda kabaja Piriimiyer Liigii kan gonfataniif, Maanchisteer Siitiin immoo tapha xumura Waancaa FA irratti Cheelsii 1-0n mo'achuun gara tapha har'aatti dhihaataniiru. Akka odeeffannoon mul’isutti, seenaa Koomuniitii Shiildii keessatti Arsenaal Maanchisteer Siitii irratti olaantummaa guutuu qaba. Gara waltajjii kanaatti gareen lamaan kanaan dura si'a sadii kan walqunnaman yoo ta'u, taphoota sadanittuu Arsenaal mo'ateera. Gareen kunniin dhuma irratti akka L.A bara 2023tti tapha Koomuniitii Shiildii taasisaniin Arsenaal darbiin penaltiitiin mo'achuun isaanii ni yaadatama. Taphni kun kanaan dura Istaadiyeemii Weembilii Landan keessatti kan gaggeeffamaa ture yoo ta'u, barana immoo gara Istaadiyoomii seenaa qabeessa Pirinsiipaalitii magaalaa guddoo Weels Kaardifitti akka jijjiiramu taasifameera. Sababni isaas Istaadiyeemii Weembilii keessatti konsertiin muuziqaa kanaan dura qabame waan jiruuf akka ta'e beekameera. Kunis dorgommiin kun waggoota 20 booda irra deebidhaan gara magaalaa guddoo Weelsitti akka deebi'u taasiseera. Dorgommiin Koomuniitii Shiildii jalqaba dhihaatee akka L.A. bara 1908tti moggaasa "FA Charity Shield" jedhuun kan jalqabame yoo ta'u, dhiyoo kana akka L.A. bara 2002tti moggaasa ammaa "FA Community Shield" jedhutti jijjiirame. Dorgommiin kun shaampiyoonaa liigichaa fi mo'ataa Waancaa FA walqunnamsiisuun bansa bara dorgommii haaraa kan labsudha. Galii gurgurta tiikeetii fi beeksisa irraa walitti qabamu guutuun Ingiilaand keessatti dhaabbata arjoomaa fi hojiiwwan misooma kubbaa miilaa hawaasaatiif kan oolu ta'a. Maanchisteer Yunaayitid si'a 21 mo'achuun kilaba dorgommii kanaatti milkaa'ina guddaa kan qabudha. Arsenaal waancaa 17 fudhachuun isaatti ana. Maanchisteer Siitiin immoo si'a torba mo'ateera.
Chelsiin taphaataa isaa Enzoo Fernaandeez gurguruuf daangaa guyyaa xumuraa kaa'e
Aug 13, 2026 395
Hagayya 7/2018 (ENA): Cheelsiin taphaataa isaa Enzoo Fernaandeez gurguruuf daangaa guyyaa xumuraa kaa'uu beeksise. Maanchistar Siitiin taphataa sarara gidduu Cheelsii Enzoo Fernaandeez fudhachuuf fedhii akka qabu himamaa jira. Cheelsiinis Maanchistar Siitiin taphataa kanaa bituuf gaaffii nanbitaa daangaa guyyaa keessatti dhiheesuu danda'u murteeseera. Maanchistar Siitiin hanga Jimaata galgalaatti qofa Yuuroo miliyoona 120( £120) Cheelisiin beeksiseera jedhameera. Cheelisiin guyyaa kanaan booda Maanchistar Siitiin gaaffii taphaticha bituu yoo dhiheesse taphaticha akka hin gurgurre ibseera. Daangaa yeroo gurguraa kaa'ame kanas bakka buutota Maanchistar Siitii fi taphaticha beeksisuu isaa kilabichi ibseera.
PSG'n waggaa lammaffaaf walitti aansee waancaa Awurooppaa Suuper Kaappi injifate
Aug 13, 2026 290
Hagayya 7/2018 (ENA): PSG'n waggaa lammaffaaf walitti aansee waancaa Awurooppaa Suuper Kaappi injifateera. PSG'n tapha Awurooppaa Suuper Kaappiin Aston Viilaa 2 fi 1n injifachuun Shaampiyoonaa Liigii Kilaboota Awurooppaa ta'eera. Taphichaan PSG'f daqiiqaa 20ffaa irratti Kivachaa Kiravatiskeli'aan immoo Dizayer Duwee immoo daqiiqaa 61ffaa irratti goolii injifannoof isaan geesise galchaniru. Aston Viilaaf immoo Biiraayyaan Maagoon daqiiqaa 45ffaatti galchus; PSG'n Aston Viilaa injifachuun waancaa Awurooppaa Suuper Kaappi/ waancaa mo'aa mo'atootaa bara 2026 fudhateera.
PSG’n Aston Viilaa waliin; Tapha waancaa moo'attoota Awurooppaa
Aug 12, 2026 363
Hagayya 6/2018 (ENA): Taphni waancaa moo'attoota Awurooppaa har'a PSG fi Aston Viilaa gidduutti taphatama. Taphichi galgala sa'aatii 4 irratti ostiraaliyaa ‘Red Bull Arena’ keessatti taphatama. Kilabni PSG’n Faransaay tapha xumuraa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa kan gahe, xumura shaampiyoonsi liigii irratti Arsenaaliin adabbiin injifachuun waancaa fudhachuuni. Luusiis Enrikeetiin kan durfamu ‘PSG’n bara darbes tapha wal fakkaatuun Tootinaam adabbiin injifachuun waancaa kana injifachuun isaa kan yaadatamu qaba. Gama biraatiin ammoo Aston Viilaan leenjisaa Unayi Emretiin hogganamu, tapha har'aaf kan darbe tapha xumuraa Liigii Awurooppaatiin kilaba Jarmanii Firaayibargi 3 fi 0’n injifateeti. Seenaa keessatti Aston Viilaan si’a tokko, bara 1982 Baarseloonaa injifachuun waancaa kana kaase. PSG fi Aston Viilaan kanaan dura dorgommii Awurooppaa qofaan wal argan, shaampiyoonsi liigii bara 2024/25 irratti jechuudha. Yericha PSG’n dirree isaa irratti 3 fi 1’n yoo injifatu, Aston Viilaan ammoo Viilaa Paarki irratti 3 fi 2 injifate. PSG’n waliigalatti 5-4’n injifachuun gara walakkaa xumuraatti darbuun shaampiyoonaa dorgommii kanaa isa jalqabaa ta'eera. Tapha kana daran adda kan godhu riikardii murteessummaa inni galmeessisudha. Gamtaan Waldaalee Kubbaa Miilaa Awurooppaa (UEFA) tapha kana akka to'atu abbaa murtii lammii Somaaliyaa ganna 34 Omar Artaan filateera. Kunis seenaa dorgommii kanaa waggoota 51 keessatti abbaa murtii lammii Awurooppaa hin taane tapha xumuraa Shaampiyoonsi Liigii Awrooppaa kan jalqabaa isa taasisa. Taphichi sa'aatii idilee daqiiqaa 90 booda qixaan yoo xumurame, sa'aatii dabalataa osoo hin kenniin, kallattiin gara adabbiitti ni deema. Gareen injifate badhaasa maallaqaa Yuuroo miiliyoona shan kan argatu yoo ta'u, gareen mo'ame ammoo Yuuroo miiliyoona afur argatu. Kilabiin dorgommii kana irratti milkaa'ina guddaa kan argate Riyaal Maadriid yoo ta'u, yeroo 6 waancaa kana injifateera. Baarseloonaa fi Essi Miilaan waancaa shan qabachuun itti aanu. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Godina Gujiitti Biqiltuun Bunaa filatamaan Ganna baranaa kanatti Hektaara Kuma 16 irratti dhaabameera
Aug 15, 2026 204
Hagayya 9/2018 (ENA): Naannoo Oromiyaa Godina Gujiitti Ganna kana lafa heektaara kuma 16 irratti biqiltuun bunaa filatamaan dhaabamuu Waajjirri Qonna Godinichaa beeksise. Godinni Gujii urgaa fi mi’aa gaarii ta’een gosoota bunaa kan qabu addunyaa irratti gatii guddaa qaban keessaa tokko kan qabudha. Waggoota dhiyoo asitti qonnaan bultoonni Godinichaa mala saayinsaawaa fayyadamuun qulqullinaa fi baay’ina oomisha isaanii akka fooyyessan jajjabeeffamaa turaniiru. Oomishaa fi oomishtummaa guddisuuf, qonnaan bultoonni gosoota bunaa haaraa fooyya’aa, oomisha olaanaa fi dhukkuba dandamatan irraa akka fayyadaman gargaaruuf, Ganna kana Godinicha keessatti hojiin dhaabbii sanyii filatamaa bunaa fi misoomaa bal’aan hojjetamaa jira. Waajjira Qonna Godinichaatti ogeessa misooma bunaa fi shaayii kan ta’an obbo Biraanuu Fayisaa akka jedhanitti, oomishaa fi omishtummaa guddisuuf Ganna kana Godinicha keessatti misooma bunaa babal’isuuf karoorri qabamee hojjetamaa jira. Biqiltuun bunaa gosa sanyii filatamaa fooyya’aa ta’ee fi yeroo gabaabaa keessatti oomisha olaanaa argamsiisu kuma 72 fi 500 ol lafa heektaara kuma 16 fi 233 irratti hanga ammaatti dhaabamuu himaniiru. Akkasumas gosti haaraan kun gogiinsa fi dhukkuba kan dandamatu yoo ta’u, heektaara tokkorraa hanga kuntaala 18 oomishuuf dandeettii kan qabu ta’uu ibsaniiru. Godinaalee aanichaa 12 keessatti lakkoofsi biqiltuu bunaa dhaabame kan bara darbee waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu gara miiliyoona 13 dabaluu isaa ibsaniiru. Akkasumas qonnaan bultoonni aanaalee Godinichaa hunda keessaa kuma 54 ol misooma kanarratti hirmaachuu isaanii beeksisaniiru. Itti gaafatamaan Waajjira Daldala Godinichaa obbo Areeruu Waaree akka ibsanitti, babal’achuun misooma bunaa Gidinicha keessatti gosoota fooyya’aa ta’een oomisha baay’inaafi qulqullinaan dabalaa jira. Bara kanas bunni kuntaala kuma 231 ol Godinicha irraa gabaaf dhiyaachuu isaa akka fakkeenyaatti kaasaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Ashaaraa Magariisaa - Eegumsa Uumamaa Irraa Hanga Nyaata Biyyaalessaa fi Abbaa Biyyummaa Diinagdee!
Aug 14, 2026 208
Sagantaan Ashandaa Magariisaa biqiltuu dhaabuu ykn naannoo miidhagsuu caalaa akka ta’e agarsiisaa jira; misooma itti fufiinsa qabuuf bu’uura eegsisuuf, misoomsuu fi cimsuuf tarsiimoo jalqabbii biyyaalessaati. Sochiin biyyaalessaa guddaan kun dhiibbaa jijjiirama qilleensaa dandamachuuf dandeettii qabnu cimsuu qofa osoo hin taane, sirna ikoo uumamaa keenya sirreessuu fi misoomsuun Itiyoophiyaa lafa magariisaa taasisaa jira. Itiyoophiyaan dandeettii mataa ishee fi tattaaffii waloo lammiilee isheetiin qabeenya uumamaa ishee eeguu fi misoomsuu akka dandeessu kan mirkaneesse yoo ta’u, jijjiirama qilleensaaf deebii kennuu keessatti biyyoota biroof fakkeenya ta’ee tajaajiluu kan danda’u milkaa’ina ummataa ta’uu hojiiwwan waggoota darban keessatti raawwataman mirkaneessee jira. Qabeenya uumamaa eeguun eegumsa naannoo qofaaf osoo hin taane, oomishtummaa qonnaa, wabii nyaataa mirkaneeffachuu fi guddina dinagdeefis bu’aa olaanaa qaba. Kanaafidha Ashaaraan Magariisaa xiyyeeffannoo misooma biyyaalessaa itti fufiinsa qabu isa ijoo taasifnee wabii nyaataa fi dinagdee keenya cimsuuf kan hojjenne. Dhaloonni kun qabeenya uumamaa isaa tiksuu fi misoomsuun fedhii bara kanaa guutuu bira darbee Itoophiyaa badhaatee fi mo’amuu hin dandeenye dhaloota itti aanutti dabarsee kennuuf itti gaafatamummaa qaba. Itoophiyaa boruuf bu'uura cimaa fi amanamaa kaa'uuf piroojektoonni misooma magariisaa qindoominaan jalqabne cimee itti fufa. Itti aanaa ministeera muummee obbo Tamasgeen Xurunaa #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Konsoo: Aadaa fi Ogummaa Qonnaa walitti qindaa'e.
Aug 14, 2026 224
Naannoo Kibba Itiyoophiyaa, Godina Konsoo keessatti, lafti gaarreen irraa fi tabbaawwan olka’oo qabu, uumamaa fi ogummaa ilma namaa walitti makuun, bifa lafaa ajaa’ibsiisaa fi bareedaa uumeera. Ummanni Konsoo waggoota dheeraaf lafa gaara bu'aa ba'iin itti heddummate dhagaa fi biyyeen daangessuun, ittisuun akkasumas sirnaan tarreessuun, gara lafa qonnaaf mijataa fi oomishaa ta’etti jijjiireera. Hojii harkaan raawwatamu kun lafti akka hin mancaane, biyyeen rooba irraa kan ka’e akka hin dhiqamne taasisee, naannicha qonna walmakaa (agroforestry) fi hojiiwwan qonnaa adda addaatiif mijataa taasiseera. Hojiin daagaa Konsoo kun ogummaa ajaa’ibaa eegumsa qabeenya uumamaa of keessatti qabatee, amaloota addaa hedduu qaba. Naannoon kun hojii eegumsa naannoo fi aadaa isaa addaa ta’eef, bara 2011tti Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti, Dhaabbata Barnootaa, Saayinsii fi Aadaa ‘UNESCO’n Hambaa Addunyaa ta’ee galmaa’eera. Daagaan Konsoo, uumamaa wajjin walsimnee jiraachuu akkasumas cimina, obsaa fi kutannoo ilma namaa kan agarsiisu mallattoo guddaadha. Ummanni Konsoo har’as hambaa ajaa’ibaa fi bareedaa kana eegaa, kunuunsaa fi dhalootaa dhalootatti dabarsaa jira. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Paarkiiwwan Biyyaalessaa Haala Qindoomina qabuun Hogganamuu Qabu - Abbaa Taayitichaa
Aug 6, 2026 634
Adoolessa 30/2018 (ENA): Hambaa idil addunyaa kan ta’e paarkiin biyyaalessa Gaarreen Baalee misoomsuunii fi madda galii itti fufinsa qabu taasisuuf waliin hojjechuun barbaachisaa ta’uu daarektarri Olaanaa Abbaa Taayitaa eegumasa Bineensota Bosonaafi fi Kunuunsa Itoophiyaa obbo Kumarraa Waaqjiraa ibsani. Workshopiin Karoora Bulchiinsa Waggaa Kudhanii Paarkii Biyyaalessaa Gaarreen Baalee (2027-2036) irratti mari’achuuf Baalee Roobeetti qooda fudhattoota waliin gaggeeffamaa jira. Waltajjicharratti Daarektarri Olaanaa Abbaa Taayitichaa obbo Kumarraa Waaqjiraa haasawa taasisaniin, waggoota darban keessatti paarkiiwwan biyyaalessaa fi iddoowwan eegumsa argatan keessatti hojii qindoominaan hojjetamaa tureen qormaanni paarkiiwwan mudatu hir’achuusaa ibsaniiru. Waggoota darbanitti bulchiinsa federaalaa, naannoo fi paarkii qindoominaan tattaaffii taasisaniin qormaanni paarkicha mudate hir’achuu isaa ibsaniiru. Akkasumas, dheedichi garmalee, bosona ciruu fi qubsumni seeraan alaa rakkoowwan jiraachuu paarkiiwwanii qormaata ta’aa turan keessaa tokko ta’uu fi yeroo ammaa hojii qindoominaan hojjetamaa jiruun hir’achaa akka jiran akeekaniiru. Bulchaan olaanaa godina Baalee obbo Abdulhaakim Alii akka jedhanitti, bulchiinsi paarkii biyyaalessaa fi heddummina lubbu qabeeyyii isaa sirnaan akka eegamu ciminaan hojjechatamaa jira. Kaayyoon guddaan karoora hoggansa waggaa kudhanii qophaa’aa jiru paarkicha eeguu fi misoomsuun fayyadamummaa hawaasa naannoo itti fufiinsa qabu mirkaneessuudha jedhan. Bulchiinsi paarkicha misoomsuu fi tiksuuf qooda fudhattoota sadarkaa sadarkaan jiran waliin ta’uun akka itti fufu akeekaniiru. Maastar pilaaniin mariif dhiyaate qooda fudhattoota hunda hirmaachisuun, filannoowwanii fi qormaata adda baasuun, furmaata itti kennuun itti gaafatamaan Paarkii Biyyaalessaa Gaarreen Baalee obbo Shaamil Kadir himaniiru. Dhaabbata Barnoota, Saayinsii fi Aadaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UNESCO)’n galmaa’ee hambaalee Itoophiyaa keessaa tokko kan ta’e Paarkiin Biyyoolessaa Gaarreen Baalee, Gadmsaa fi jeedala diimtuu dabalatee bineensota bosonaa bal’aa kan qabudha. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Gabaasa addaa
Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti - Itti aanaa Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa
Jun 9, 2026 16479
Waxabajji 2 /2018 (ENA): Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti jedhani itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan muummee ministiraa Pirojektoota misoomaa adda addaa magaalaa Woldiyaatti ijaaraman eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Yeroo eebba kanaatti pirojektoonni misoomaa eebbifaman imala biyyattiin gara fuulduraatti taasiftu kan agarsiisan yoo ta’u, guddinni Itiyoophiyaa eenyullee dhaabuu akka hin dandeenye kuni ragaadha jedhan. Itti aanaan ministira muummee kun ummanni magaalaa Woldiyaa finxaaleyyii fi qoqqoodinsa mormuudhaan kan beekamu ta’uu ibsuun, filannoon isaanii irra deddeebiin nagaa fi mootummaa cimaa ta’uu isaa kan argisiisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan baandota irratti qabsaa’aa jira jedhani. Waggoota 50 fi 60 darbaniif warri yaada dulloomaatiin qabaman guddina ariifataa biyyattii hubachuu akka hin dandeenyes ibsaniiru. Warri bosona keessa jiran jijjiirama guddaa biyyatti dhufe kan akka misooma koridarii, maaddii guutuu, pirojektoota misoomaa fi oomisha qamadii arguu akka hin dandeenye dubbataniiru. Misoomni koridarii magaalota keessatti gaggeeffamaa jiru dhimma bareedinaa qofa osoo hin taane magaalota ammayyeessuun sadarkaa jireenyaa ummataa ol kaasuuf kaayyoo ta’uu ibsaniiru. Magaalonni Itiyoophiyaa magaalota Baha Afriikaa fi addunyaa waliin dorgomuu akka qaban ibsaniiru; akkasumas tajaajila ammayyeessuuf tajaajilli giddugala tokkoo guutuu biyyattiitti babal’achaa akka jiru hubachiisaniiru. Manneen kitaabaa ummataa, manneen kitaabaa dijitaalaa fi kaffeewwan saayinsii magaalaa Woldiyaatti ijaaraman odeeffannoo guyyaa guyyaa irraa gara beekumsaa fi qorannoo gadi fagootti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan, abbootii qabeenyaa fi ummanni pirojektoota misoomaa eegalaman gara baadiyyaatti babal’isuun badhaadhina biyyattii dhugoomsuuf waliin hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 16116
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.