Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Missiraachoon Gubaa piroojektoonni gurguddoo biyyoolessaa, Itiyoophiyaa mallattoo milkaa’ina badhaadhina Afrikaa taasisuuf mul'ata agarsiisudha
Dec 1, 2025 18
Sadaasa 22/2018(TOI)- Missiraachoon Gubaa pirojektoonni gurguddoo biyyoolessaa, Itiyoophiyaa mallattoo milkaa’ina badhaadhina Afrikaa taasisuuf mul'ata agarsiisudha jedhan Ministirri Industirii obbo Malaakuu Alleebal. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Qaam’ee 4 bara 2017 yeroo Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa eebbisan, samii Gubaa jalatti pirojektoota biyyaalessaa gurguddoo doolaara biiliyoona 30n fuuldura ijaaraman ifoomsuun isaanii ni yaadatama. Pirojektoonni gurguddoon biyyoolessaa Itiyoophiyaa Ministirri Muummee beeksisan ijaarsa niwukilaraa nagaa, warshaa boba’aa qulqulleessu, warshaa gaazii uumamaa, buufata xiyyaaraa guddaa, manneen miliyoona 1 tuqaa 5, ijaarsa warshaa xaa’oo kan dabalatudha. Ministirri Industirii obbo Malaakuu Alleebal Pirojektoonni Biyyoolessaa missiraachoo Gubaa galmoota misoomaa gurguddoo badhaadhina Itiyoophiyaa gara fuula duraa murteessan ta’uu ibsaniiru. Keessattuu jijjiirama dameelee saffisiisuun baasii sharafa alaa ol’aanaa Itiyoophiyaan baastu hambisuun, oomishtummaa bakka bu’ummaa biyya keessaa biyyattii fooyyessuu keessatti gahee olaanaa akka gumaachan ibsaniiru. Warshaaleen xaa’oo biyyee fi gaazii uumamaa oomishtummaa qonnaa Itiyoophiyaa fooyyessuu, jijjiirama industirii saffisiisuu, wabii nyaataa fi fayyadamummaa lammiilee mirkaneessuuf gumaacha olaanaa akka taasisan ibsaniiru. Warshaan boba’aa qulqulleessuu fi pirojektoonni anniisaa niwukilaraa nagaa Itiyoophiyaan qabeenya uumamaa ishee fayyadamuun guddinaa fi badhaadhina ishee mirkaneessuu danda’u akka ijaartu kan dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Humna niwuukilaaraa nagaa hojiirra oolchuun guddina diinagdee biyyaa saffisiisuuf shoora olaanaa qaba jedhan. Missiraachoon Gubaa pirojektii biyyaalessaa doolaara biiliyoona 30 kun Itiyoophiyaan fakkeenya badhaadhina Afrikaa akka taatuuf mul’ata ishee galmaan ga’uuf gumaacha olaanaa qaba jedhaniiru.
Ayyaanichi tokkummaa sab-daneessummaa cimsuun ijaarsa biyyaaf qooda olaanaa gumaacheera - Af-yaa’ii Aganyoo Tashaagar
Dec 1, 2025 94
Sadaasa 22/2018(TOI)-Ayyaanni sabaa, Sab-lammootaa fi uummattootaa kabajamuun tokkummaa sab-danessummaa cimsuun ijaarsa biyyaaf qooda olaanaa gumaacheera jechuun Af-yaa’iin Mana maree Federeeshinii Aganyoo Tashaagar dubbatan.   Guyyaan Ayyaana sabaa, sab-lammootaa fi uummattootaa Itiyoophiyaa 20ffaan sadarkaa Naannoo Oromiyaatti Godina Gujii Lixaa Magaalaa Bulee Horaatti dammaqinaan kabajameera. Sirna kabaja ayyaanichaarratti kan argaman Af-yaa’iin Mana maree Federeeshinii Aganyoo Tashaagar akka dubbatanitti ayyaanichi Itiyoophiyaanonni waloon jiraachuuf kan waliif galanii fi waggaa waggaan duudhaa Aadaasaanii adda baabaayiitti kan ibsanidha. Kunis Sirni Federaalaa cimaan akka jiraatu gochuun tokkummaa sab-daneessummaa cimsaa ijaarsa biyyaaf qoda olaanaa gumaachuu dubbataniiru. Ayyaanichi waltti hidhaminsa waloo haala cimsuun sadarkaa sadarkaan kabajamee Sadaasa 29 bara 2018 sadarkaa biyyoolessaatti naannoo giddugala Itiyoophiyaa Magaalaa Hosaa’inaatti akka kabajamu kaasaniiru.   Af-yaa’iin Caffee Oromiyaa Sa’aadaa Abdurahimaan gamasaaniin, Ayyaanichi naannichatti tokkummaa sab-daneessummaa fi walitti hidhaminsa haala cimsuun kabajamaa turee har’a xumurmuu ibsaniiru. Ayyaanichi saboonni, sab-lammoonnii fi ummattoonni Aadaa fi duudhaasaanii beeksisuurra darbee tokkummaa sab-daneessummaa caalaatti cimsuuf waadaasanii kan itti haaromsan ta’uu dubbataniiru.   Keessumaa Ayyaanichi Hidhi Haaromsaa Guddichi Itiyoophiyaa xumuramee pirojektoonni gurguddoo hedduun yeroo eegalamanitti kabajamuun misooma biyyaaf waloon dhaabbachuun irra deebuun gamtooma keenya kan itti cimsinudha jedhaniiru.   Bulchaa Godina Gujii Obbo Abdullaahii Hirbaayyee, Godinichatti Jijjiiramaa boodaa eegalee qabeenya jiran gara misoomaatti jijjiiruun fayyadamummaa hawaasaa guddisaa jira jedhaniiru. Keessumaa buna dabalatee midhaan zayitaa biroo akkasumas misooma horii gaafaan, hojiiwwan bu’aa qabeessa ta’an Godinichatti raawwatamuusaanii kaasaniiru.   Ayyaanichi sadarkaa Naannootti Godinichatti kabajamuun qabeenya Naannichaa beeksisuurra darbee misooma eegalaman cimsuuf qooda olaanaa qaba jedhaniiru.
Waajjirri Giiftii Duree deeggarsa meeshaalee qaama miidhamtootaa fi manneen barnootaaf kenne
Dec 1, 2025 41
Sadaasa 22/2018(TOI)-Waajjirri Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoo qaama miidhamtootaaf wiilcheerii 20 manneen barnootaa lamaaf meeshaalee minii-miidiyaa, akkasumas pirojektoota ispoortii 20f meeshaalee ispoortii deeggarsa kenne. Kanaan dura Waajjirri Giiftii Duree ijaarsa manneen barnootaa fi dhiyeessii galteewwan barnootaaf deeggarsa taasisuu yaadachiisaniiru itti Aanaan Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Gondar obbo Chaalaachoo Daanyee. Deeggarsi har’a taasifame kun qaama miidhamtoonni iddoo tokko irraa gara iddoo birootti akka socho’an kan gargaaru akkasumas mana barumsaa deemuun barnoota isaanii itti fufinsaan akka hordofaniif carraa mijataa akka uumu gargaara jedhani. Kanaaf deeggarsa Waajjirri Giiftii Duree taasise galateeffataniiru. Deeggarsi hidhannoo ispoortii dargaggoota pirojektoota ispoortii 20 magaalattii keessatti hirmaataniif iddoo guddaa qaba jedhan itti Gaafatamaan Waajjira Dargaggootaa fi Ispoortii Bulchiinsa Magaalichaa obbo Maaruu Mohaammad. Fayyadamtoota deeggarsa wiilchariin taasifame keessaa aadde Itayyee Kaasaa fi obbo Maaruu Mangistuu yaada kennaniin, sababa balaa uumamaatiin waggoota dheeraaf mana keessa turuuf dirqamne jedhan. Bitachuu dadhabuu irraa kan ka’e wiilchariitti fayyadamuu akka hin dandeenye himuun, deeggarsi wiilcharii isaaniif taasifamuun isaa bakka tokko irraa gara bakka barbaadaniitti socho’uun hojjetatanii of danda’uu akka isaan gargaaru ibsaniiru. Walharkaa fuudhinsa deeggarsa kanarratti hoggantoonni bulchiinsa magaalichaa fi keessummoonni waamichi taasifameef argamaniiru.
Bakkeewwan hawata turizimii fi aadaawwan hedduu Hararitti argine nu ajaa’ibsiiseera- Ambaasaaddarootaa fi bakka bu'oota dhaabbilee idil-addunyaa
Dec 1, 2025 51
Sadaasa 22/2018(TOI)- Bakkeewwan hawwata turizimii fi aadaawwan hedduu Hararitti argine nu ajaa’ibsiiseera jechuun ibsan Ambaasaaddaroonni fi bakka bu'oonni dhaabbilee idil-addunyaa Harar daawwatan. Hararii fi kutaalee biyyattii adda addaatti pirojaktiin misoomni koriidaraa hojjetamaa jiran dinqisiisoo ta’uu daawwattoonni himan. Jilli ambaasaaddarootaa fi bakka bu’oota dhaabbilee idil-addunyaa Ministira Tuurizimii Salaamawwit Kaasaan durfamu dhiheenya kana bakkeewwan hawwata turizimii magaalaa Harar daawwateera. Bakkeewwan hawata turizimii adda addaa Harar, Golambaa, Hambaalee Saba Hararii, ogummaa ijaarsa manneen durii, ogummaa harkaa fi bobbocni hawaasaa wantoota daawwattoonni irratti xiyyeeffatan ta’uu ibsameera. Ambaasaaddaroonnii fi miseensonni jilli idil-addunyaa yaada isaanii TOIf kennan hojii deebisanii misoomsuu ajaa’ibsiisaa bakka hambaa addunyaa kan ta’e Jagoolii fi magaalaa Hararitti hojjetame dinqisiifachuu isaanii ibsaniiru. Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Ruwaandaa Juuliyaa Paataakii akka jedhanitti, hambaa idil addunyaa kan ta’e Jagool haaromsa isaaf taasifameen daran miidhageera. Hojiin haaromsaa fi suphaa xiyyeeffannoo daawwattootaa hawachuu danda’u ta’ee kan hojjetame ta’uu eeruun, hojiin akkanaa cimee itti fufuu akka qabu ibsaniiru. Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Indooneezhiyaa Faayizaal Cheerii Sidaaraataan, bakkeewwan seena qabeessaa fi durii magaalaa Harar keessatti argaman daawwachuu fi kunis baay’ee akka isaan ajaa’ibe himaniiru. Itiyoophiyaatti Daarektarri Olaanaa Qunnamtii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti, Dhaabbata Barnootaa, Saayinsii fi Aadaa (UNESCO) doktar Riitaa Bisunaatii hambaa seenaa Harar of keessaa qabu caalaatti daawwachuun kan malu ta’uu ibsuun, daawwannaa gammachiisaa taasifneerra jedhaniiru. #Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa #TOI
Misoomni Koriidaraa Magaalota  Jireenyaaf  Mijatoo, miidhagoo fi  dorgomtoota akka ta’an gochaa jira- Ministeera Magaalaa  fi Bu’uuraalee misoomaa 
Dec 1, 2025 54
Sadaasa 22/2018(TOI)-Misoomni koriidaraa Sadarkaa Biyyoolessaatti hojjetamaa jiran magaalota jireenyaa fi hojiif mijatoo, Miidhagoo fi dorgomaa akka ta’an gochaa jiraachuu Ministeerri magaalaa fi bu’uuraalee misoomaa ibse. De’eetaan Ministira Magaalaa fi bu’uuraalee Misoomaa Fantaa Dajan TOI’f akka ibsanitti, Mootummaan Magaalota jireenya lammiileef Mijatoo gochuurra darbee dorgomaa akka ta’aniif xiyyeeffannoo addaan hojjechaa jira. Keessumaa hojiin magaalotaa daa’immanii fi Manguddooaaf mijataa gochuuf bal’inaan hojjetamaa jira. Kanaanis magaalonni hojiiwwan misooma qabeenya uumamaa fi nam-tolchee qaban sirnaan fayyidaarra akka oolchan hojjetama kan eeraman ta’uu ibsaniiru. Akkasumas bakkeewwan magariisaa eegsisuuf , lafa seeraan ala dalleeffamanii taa’an hojiirra akka oolan haalli dandeessisu uumamuu dubbataniiru. Haa ta’u malee fayyadamummaa haqa qabeessa lammiilee mirkaneessuurra darbee magaalota Ammayyaa’oo fi dorgomaa ijaaruuf misoomni koriidaraa dadammaqinsa guddaa uumuu kaasaniiru. Yeroo ammaa hojiin misooma koriidaraa naannoolee hundatti magaalota 70 ol ta’anitti raawwatamaa jiraachuu ibsuun fuulduratti magaalota biyyittii hundatti babal’isuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Hojiiwwan misoomaa kun miidhagina magaalittii kan jijJiiranii fi faayidaa dinagdee fi hawaasummaa guddaa qabaachuu de’eetaan Ministiraa kun ibsaniiru. Misoomni koriidaraa magaalonni jireenyaa fi hojiif mijatoo akka qabaataniif akkasumas hawwattuu fi miidhagdu akka ta’an gochuu eeruun dorgommiinsaanii guddachaa dhufuu dubbataniiru. Fakkeenyaaf magaalaa Finfinnee ammayyooftuu, miidhagduu fi dorgomtuu gochuun waltajjiiwwan idil-Addunyaa keessummeessuuf filatamtuu duraa akka taatu dandeessisuu ibsaniiru.
Kan mul'ate

Inistiitiyuutiin saayinsii hawaa fi Ji’oospaashaalii buufataalee itti fufiinsaan odeeffannoo Saatalaayitiirraa fudhatan hojii eegalchiise
Dec 1, 2025 44
Sadaasa 22/2018(TOI)-Inistiitiyuutiin saayinsii hawaa fi Ji’oospaashaalii buufataalee itti fufiinsaan odeeffannoo Saatalaayitiirraa fudhatan kan Finfinnee fi naannoleerratti dhaabaman ifatti hojii eegalchiiseera. Ministeera Misooma Magaalaa fi Bu’uuraalee misoomaatti deetaa mistiraa kan ta’an Fantaa Dajan buufataaleen har’a hojii eegalan jijjiirama magaalota keessatti galmaa’aa jiru cimsuuf gumaacha olaanaa taasisuu isaaniis hubachiisaniiru. Keessattuu magaalota pilaaniin bulchuu fi lafa magaalota keessatti lakkaa’ee galmeessuu, haqaan bulchuu fi qorannoo sirrii ta’uu mirkaneessuu keessatti faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kenniinsa murtee ragaa irratti hundaa’e hojjechuunii fi fayyadamtoonni haala salphaa ta’een tajaajila akka argatan kan taasisu dha jedhaniiru. Gara fuula duraatti Ministeerri Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa Buufataalee osoo adda hin kutiin odeeffannoo saatalayitii irraa kan fudhatan, ykn ‘’Continious Operating Reference Station (CORS)’’ 14 ijaaruuf hojjechaa jiraachuu ibseera. Deetaan Ministira Innooveeshinii fi Teekinooloojii Muluqan Qaree gama isaaniin akka jedhanitti, tarsiimoon dijitaal Itiyoophiyaa 2025 milkaa’ina misooma dijitaalaaf shoora olaanaa bahateera jedhan. Ijaarsa bu’uuraalee teekinooloojii irratti hojiin bal’aan hojjetamaa jiraachuu hubachiisuudhaan, ministeerichi baay’ina buufataalee saatalaayitii irraa ragaa fudhatan babal’isuuf tumsaan hojjechuu akka itti fufan akeekaniiru. Buufataaleen odeeffannoo fudhatan har’a hojii kan eegalan kunniin teekinooloojii ammayyaatiin kan guutaman ta’uu daarektarri olaanaa Inistityuutii Saayinsii Hawaa fi Ji’oospashaalii doktar Abdiisaa Yilmaa ibsaniiru. Dabalataan buufataaleen kunniin, ogeessota pilaaniif, qorattootaaf, xiinxaltoota sodaa balaaf, ogeeyyii teessuma lafaaf fi tajaajila addaaf ogeessota kaartaa qopheessaniif odeeffannoo yeroo qabatamaa akka argatan kan dandeessisan ta’uu ibsaniiru. Dameewwan qonnaa, industirii, albuudaa fi dameewwan diinagdee biroo ammayyeessuun odeeffannoo gahaa kennuunis bu’aa guddaa akka qabaatan eeraniiru.

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa
Ayyaanichi tokkummaa sab-daneessummaa cimsuun ijaarsa biyyaaf qooda olaanaa gumaacheera - Af-yaa’ii Aganyoo Tashaagar
Dec 1, 2025 94
Sadaasa 22/2018(TOI)-Ayyaanni sabaa, Sab-lammootaa fi uummattootaa kabajamuun tokkummaa sab-danessummaa cimsuun ijaarsa biyyaaf qooda olaanaa gumaacheera jechuun Af-yaa’iin Mana maree Federeeshinii Aganyoo Tashaagar dubbatan.   Guyyaan Ayyaana sabaa, sab-lammootaa fi uummattootaa Itiyoophiyaa 20ffaan sadarkaa Naannoo Oromiyaatti Godina Gujii Lixaa Magaalaa Bulee Horaatti dammaqinaan kabajameera. Sirna kabaja ayyaanichaarratti kan argaman Af-yaa’iin Mana maree Federeeshinii Aganyoo Tashaagar akka dubbatanitti ayyaanichi Itiyoophiyaanonni waloon jiraachuuf kan waliif galanii fi waggaa waggaan duudhaa Aadaasaanii adda baabaayiitti kan ibsanidha. Kunis Sirni Federaalaa cimaan akka jiraatu gochuun tokkummaa sab-daneessummaa cimsaa ijaarsa biyyaaf qoda olaanaa gumaachuu dubbataniiru. Ayyaanichi waltti hidhaminsa waloo haala cimsuun sadarkaa sadarkaan kabajamee Sadaasa 29 bara 2018 sadarkaa biyyoolessaatti naannoo giddugala Itiyoophiyaa Magaalaa Hosaa’inaatti akka kabajamu kaasaniiru.   Af-yaa’iin Caffee Oromiyaa Sa’aadaa Abdurahimaan gamasaaniin, Ayyaanichi naannichatti tokkummaa sab-daneessummaa fi walitti hidhaminsa haala cimsuun kabajamaa turee har’a xumurmuu ibsaniiru. Ayyaanichi saboonni, sab-lammoonnii fi ummattoonni Aadaa fi duudhaasaanii beeksisuurra darbee tokkummaa sab-daneessummaa caalaatti cimsuuf waadaasanii kan itti haaromsan ta’uu dubbataniiru.   Keessumaa Ayyaanichi Hidhi Haaromsaa Guddichi Itiyoophiyaa xumuramee pirojektoonni gurguddoo hedduun yeroo eegalamanitti kabajamuun misooma biyyaaf waloon dhaabbachuun irra deebuun gamtooma keenya kan itti cimsinudha jedhaniiru.   Bulchaa Godina Gujii Obbo Abdullaahii Hirbaayyee, Godinichatti Jijjiiramaa boodaa eegalee qabeenya jiran gara misoomaatti jijjiiruun fayyadamummaa hawaasaa guddisaa jira jedhaniiru. Keessumaa buna dabalatee midhaan zayitaa biroo akkasumas misooma horii gaafaan, hojiiwwan bu’aa qabeessa ta’an Godinichatti raawwatamuusaanii kaasaniiru.   Ayyaanichi sadarkaa Naannootti Godinichatti kabajamuun qabeenya Naannichaa beeksisuurra darbee misooma eegalaman cimsuuf qooda olaanaa qaba jedhaniiru.
Nageenya Godinaaleetti bu’een Hawaasni gara misoomaatti debi’uu  danda’eera 
Nov 29, 2025 334
Sadaasa 20/2018(TOI)-Nannoo Oromiyaa Godinaalee wallagaa sadiitti nageenya bu’een hawaasni fuulasaa gara misoomaatti deebisee hojii bu’aa qabeessa akka hojjetu taa’uusaa Hoggantoonni Godinaalee ibsan . Hoggantoonni Godina wallagga Lixaa, Bahaa fi Horroo guduruu wallaggaa Turtii TOI waliin taassisaniin akka ibsanitti, nageenyi naannichatti bu’een hojii misoomaaf haala mijataa uumeera. Itti Aanaan Bulchaa Godina Wallagga Lixaa Obbo Gammadaa Tafarraa, Godinichatti hawaasni qaamolee nageenyaa waliin qindoomee hojjechuun nageenyi bu’uu ibsaniiru. Waggoottan darban rakkoo nageenyaa godinichatti mudachaa tureen hojii misoomaa hojechuun rakkoo akka ture eeruun, nageenya bu’een xiyyeeffannoon hawwasaa misoomara ta’eera jedhaniiru. Haalli mijataan uumame hojii misooma qonnaa Idilee xiyyeeffannoon hojjechuun olitti hojii bu’uuraalee misooma addaan citanii turan irra deebi’anii akka eegalaman ta’uu dubbataniiru. Dabalataanis Godinicha haala mijataa Invastimentiif qabu fayyadamuun dureeyyiin misooma Albuudaa dabalatee hojiiwwan misoomaa adda addaarratti hirmaachaa jiraachuu ibsaniiru. Godinichatti Hojiiwwan misoomaa Abdachiisoon Magaalaa fi Baadhiyaatti eegalaman cimanii akka itti fufaniif nageenya argame fulla’aa taassisuun ittifufa jedhaniiru. Itti Aanaan Bulchaa Godina wallagga bahaa Obbo Dassuu Lammii gamasaaniin, rakkoon Godincha ture dhabamsiifamee nagaan bu’eera jedhaniiru.   Godinichatti hawaasa hirmaachisuun hojiin misooma qonnaa bal’inaan hojjetamaa jiraachuu eeruun, hojiin Albuudaa,misooma Bakkeewwan gahumsa Turiizimii fi hojiiwwan biroon hojjetamaa jiru jedhaniiru. Godina Horroo Guduru Wallaggaa Bulchaan Aanaa Amuruu Obbo Darajjee Warquu, Aanichatti nageenyi bu’uun hawaasni hojii misoomaa humnasaa guutuun raawwachaa jira jedhaniiru. Hojiiwwan misooma Aanichatti raawwatamaa jiru abdachiisaa ta’uu ibsuun, hojiin bu’uuralee misoomaa hojjetamaa jira jedhaniiru. Hidhattoonni duraanii waamicha nageenya fudhatan leenjii haaromsa fudhatanii hojii misoomaa adda addaarratti hirmaachaa jiraachuusani ibsaniiru.
Milkaa’ina Marii Biyyaalessaaf hirmaannan qooda fudhattootaa cimee itti fufeera- Komishinicha
Nov 29, 2025 168
Sadaasa 20/2018(TOI)- Milkaa’ina Marii Biyyaalessaaf hirmaannan qooda fudhattootaa cimee itti fufaa jiraachuu komishinarri komishinii marii biyyaalessaa Malaakuu W/Maariyaam ibsaniiru. Waltajjiin hubannoo uumuu har'a magaalaa Gaambeellaatti mata duree "Gahee Dubartootaa, Dargaggootaa fi Qaama Miidhamtootaa Milkaa’ina Marii Biyyaalessaaf " jedhuun gaggeeffamaa jira. Komishinarichi waltajjii hubannoo uumuu kana irratti akka jedhanitti furmaata waaraaf hirmaannaan qooda fudhattoota hundaa cimee itti fufuu isaa eeraniiru. Dubartoonnii fi qaama miidhamtoonni milkaa’ina marii biyyaalessaa kanaaf qooda olaanaa qabaachuu himaniiru. Mariin biyyoolessaa eegalame dandeettii dubartoota, dargaggootaa fi qaama miidhamtootaa fayyadamuun nageenyaa fi misooma itti fufiinsa qabu biyyattiif mirkaneessuun galma ga’uu akka qabus ibsaniiru. Mariin hawaasa keessatti aadaa ta’ee itti fufuu akka qabu taasisuun, ijaarsa nageenyaa kaayyeffame milkeessuun xiyyeeffannoon hojjetamu akka qabus hubachiisaniiru. Waltajjiin har'aa kun marii biyyoolessaa keessatti hirmaannaa dargaggootaa, dubartootaa, qaama miidhamtootaa fi kutaalee hawaasaa biroo cimsuuf kan kaayyeffate ta'uus eeraniiru. Hirmaattonni waltajjii marii kanaas yaada bilisaa fi dhugaa irratti hundaa’e gumaachuun itti gaafatamummaa lammummaa isaanii akka bahatan Komishinarichi dhaamaniiru. Dubartoonni, dargaggoonni, qaama miidhamtoonnii fi qooda fudhattoonni biroo waltajjii marii hubannoo uumuu guyyoota lamaaf magaalaa Gaambeellaatti qophaa’e irratti hirmaachaa jiru.
Manni maree ministirootaa walgahii idilee gaggeesseen murtoo garagaraa dabarse
Nov 29, 2025 179
Sadaasa 20/2018(TOI)-Manni maree ministirootaa walgahii idilee 50ffaa har’a gaggeesseen dhimmoota garagaraa irratti mari’atee murtoo dabarseera. Murtoo walgahii idilee mana maree ministirootaa 50ffaa Manni maree ministirootaa walgahii idilee 50ffaa har’a gaggeesseen dhimmoota garagaraarratti mari’atee murtoo dabarseera.   1. Manni Marichaa jalqaba Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 irratti mari’ateera. Tarsiimoon kun lammiileef carraalee haaraa uumuu, dandeettii teeknooloojii guddisuu fi bu’uuraalee misoomaa babal’isuu, bulchiinsa gaarii dagaagsuu, guddina diinagdee saffisiisuuf hojiileen eegalaman irra caalaa fooyyessuun milkeessuuf kan akeekedha. Manni Marichaa Tarsiimoo kana irratti marii bal’aa erga taasisee booda guyyaa raggaasifame irraa eegalee hojiirra oolchuuf sagalee guutuun murteesseeera. 2. Itti aansuunis Manni Marichaa waliigalteewwan gargaarsa maallaqaa lama Waldaa Misooma Idil-addunyaa waliin mallattaa’an irratti mari’ateera. Inni jalqabaa waliigaltee liqii SDR 294,900,000 Sagantaa Ce’umsa Annisaa Itti Fufiinsa Qabuu fi Qulqulluu hojiirra oolchuuf kan oolu yoo ta’u, yeroo eeggannaa waggaa 6 dabalatee waggoota 38 keessatti xumurama. Inni lammataa immoo waliigaltee liqii SDR dabalataa 20,000,000 kan hojiirra oolmaa Pirojektoota tiraanisfoormeeshinii ogummaa baha Afrikaa fi hojiirra oolmaa piroojektoota walitti makaminsa riijinii Baha Afrikaa yoo ta’u, yeroo eeggannaa waggaa 6 dabalatee waggoota 31 keessatti xumurama. Liqiin lamaanuu dhala irraa bilisa kan ta’an yoo ta’u, kaffaltii tajaajilaa %0.75 qabu. Manni Marichaas waliigalteewwan liqii gara Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataatti akka darban murteessee, tarsiimoo bulchiinsa liqaa biyya keenyaa wajjin kan walsimu ta’uu isaas ibseera. 3. Itti aansuunis Manni Marichaa wixinee dambiiwwan lama irratti kaffaltiin tajaajilaa Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo fi Tiyaatira Biyyoolessaa Itiyoophiyaan tajaajila adda addaa kennaniif kaffaltii kaffalamuu qabu murteessuuf qophaa’e irratti mari’ateera. Dhaabbileen baasii isaanii uwwisuu fi galii isaanii guddisuun tajaajila qulqullina qabu kennuu fi itti quufinsa maamilaa dabaluu waan qabaniif, safartuun kaffaltii tajaajilaa haala dandeettii maamilaa tilmaama keessa galchuun qophaa’ee dhiyaateera. Manni marichaa wixinee dambiiwwan irratti bal’inaan erga mari’atee booda guyyaa Gaazexaa Nagaarii Federaalaa irratti maxxanfamee kaasee hojiirra oolchuuf sagalee guutuun murteesseera. 4. Itti fufuun manni marichi kan mari’ate Walii galtee gam-lamee Afur irrattidha. Inni jalqabaa Mootummaa Rippaabilikii ummata Chaayinaa waliin dhimmoota yakkaarratti tumsu seera waloo gochuuf kan ta’edha. Walii galteewwan biroon mootummaa Rippaabilika uummata Chaayinaa fi Mootummaa Federaala Rippaabilikaa Biraazil waliin kanneen murtiin itti murtaa’e dabarsanii kennuuf kan taassifamedha. Inni biroon walii galtee dabarsanii kennuu Mootummaa Rippaabilikii Afriikaa Kibbaa waliin taassifamedha. Manni marichi walii galtichi yoo ragga’e Itiyoophiyaan biyyoota kanneen waliin hammattoo seeraa hojii yakka ittisuu bu’aa qabeessa tumsa gamlamee uumuuf kan ishee dandeessisu ta’uu hubachuun wixineen labsii kun bakka bu’oota uummataatti akka gaggeeffamu sagalee guutuun murteesseera. Inni biroon manni marichi Ajandaawwan marii’ate wixinee labsi mallattoo melektiroonikiiti. 5.Mallattoo elektiroonikii labsii lakk.1072 /2010 guutummaa gutuutti hojiirra oolchuuf sirnoota barbaachisan labsichaa fi bu’uura labsii mallattoo elektiroonikii foyya’e lak.1358/2017 iftoominaa fi itti gaafatamummaa haala qabaateen hojiirra oolchuuf haala dandeessisuun labsiin qophaa’e dhihateera. Manni marichi labsicharratti gadi fageenyaan erga mrii’atee booda guyyaa Gaazexaa Nagaarita Federaalaan maxxanfamee bahee eegalee hojiirra akka oolu sagalee guutun raggaaseera. 6. Dhumarratti manni marichi kan marii’ate mana maree ministeerotaa Immigireeshinii labsii lakk. 114/1997 fooyyessuuf labsii dhihaate irratti. Dhaabbatichi hojii fi itti gaafatamummaa labsiitiin kennameefii bahuuf akka dandeessisuuf labsiin bahee qophaa’ee dhihaateera. Manni marichi labsicharratti gad-fageenyaan erga marii’atee booda Gaazexaa Nagaarita Federaalaan guyyaa maxxanfamee eegalee hojiirra akka oolu sagalee guutuun mirkaneesseera.
Itiyoophiyaan qaama daandii daldala idil-addunyaa ta'uu qabdi- Ajajaa humna lafoo Faransaay Jeneraal Piyeer Shiil
Nov 29, 2025 205
Sadaasa 20/2018(TOI)- Itiyoophiyaan qaama daandii daldala idil-addunyaa ta'uu akka qabdu ajajaan humna lafoo Faransaay Jeneraal Piyeer Shiil ibsaniiru. Dhiyeenya kana dhimma waraanaa biyyoota lamaanii irratti Ajajoota Waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Federaala Dimokiraatawaa Itiyoophiyaa waliin kan mari’atan Jeneraal Piyeer Shiil, dhaabbilee adda addaa daawwachuun, dabalataanis ajajaa humnoota waraanaa Waliigalaa Itiyoophiyaa Fiildii Maarshaal Birhaanuu Juulaa waliinis mari’ataniiru. ‘Fedhii Gaaffii Itiyoophiyaan ulaa galaanaa argachuuf karaa nagaa gaafachaa jirtu akkamiin ilaaltu kan jedhu gaazexeessitoota Miidiyaa Raayyaa Ittisa biyyaa irraa gaafatamaniif ajajaan humna lafoo Faransaay Jeneraal Piyeer Shiil “Itiyoophiyaan biyya baay’ee guddoo taatee fi humna dinagdee guddaa qabdu akkasumas biyya uummata hedduu qabdu waan taateef qaama daandii daldala idil-addunyaa ta'uu qabdi” jedhan. Hariiroon tumsa waraanaa Itiyoophiyaa waliin taasisaa jirru inni guddaan, tumsa Faransaay Itiyoophiyaa waliin qabdu fooyyessuu akka ta’e ibsuun, magaalaa Finfinneetti argamuu isaaniittis baay’ee akka boonan dubbataniiru. "Kanaaf tumsi keenya irra caalaa gama deeggarsa meeshaalee waraanaa, hojii nagaa eegsisuu, hojiiwwan dhuka’aa fashaleessuu, leenjii humna namaa fi kanneen biroo irratti kan xiyyeeffate dha” jedhan. Jeneraal Piyeer Shiil Itiyoophiyaan nageenya riijinichaa eegsisuu keessatti qooda guddaa akka qabdu ibsuun, hirmaannaan Itiyoophiyaa baay’ee barbaachisaa akka ta’es eeraniiru. Akkasumas akka bakka bu’aa waraana Faransaayitti waraana Itiyoophiyaa akka deeggaran ibsaniiru. Hirmaannaa Waraana Itiyoophiyaa dinqisiifachuun, "Itiyoophiyaan biyya baay’ee guddaadha, waraana baay’ee cimaa fi guddaa qabdu, waraana kana irraas waan baay'ee barachuu dandeenya" jechuun ibsuu isaanii odeeffannoon Miidiyaa Raayyaan Ittisa Biyyaa TOIf erge ni mul'isa. Dhiheenya kana Waajjirri muummee Raayyaa Ittisa Federaalaa hooggantoota waraanaa biyyoota gurguddoo dabalatee biyyoota adda addaa irraa dhufan magaalaa Finfinneetti keessummeesseera.
Nageenya, Tokkummaa fi Badhaadhina Afrikaa mirkaneessuuf ijaarsi sirna heera mootummaa fi ijaarsi mootummaa bu’a qabeessa ta’e barbaachisaa dha
Nov 28, 2025 369
Sadaasa 19/2018(TOI)- Nageenya, Tokkummaafi Badhaadhina Afrikaa mirkaneessuuf ijaarsi sirna heera mootummaa fi ijaarsi mootummaa bu’a qabeessa ta’e barbaachisaa ta’uu pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsqasillaaseen himaniiru. Simpooziyeemii Idil Addunyaa 4ffaan Manneen Murtii Heera Mootummaa Afrikaa fi dhaabbilee kana fakkaatan irratti xiyyeeffate magaalaa Finfinneetti adeemsifamaa jira. Pireezidaanti Taayyee Asqasillaaseen haasaa baniinsaa taasisaniin sirni heera mootummaa seera baasuu qofa osoo hin taane, olaantummaa seeraa kabachiisuu, itti gaafatamummaa mirkaneessuu, mirgoonni bu’uuraa akka kabajaman taasisuudha jedhan. Heerri mootummaa sirna aangoo siyaasaa itti gaafatamummaan akka hojiirra oolu eeyyamu diriirsuuf kan yaadame ta’uu ibsaniiru. Afriikaan bulchiinsa heera mootummaa diriirsuuf tattaaffii taasiftu keessatti qormaatileen adda addaa akka ishee mudachaa jiranis hubachiisaniiru. Aangoo argachuuf sirna heera mootummaafi filannoo uummataatti amanuurra, karaa fonqolcha mootummaafi hokkaraan qofa jedhanii yaaduun rakkoolee Ardii Afrikaa mudatan keessaa tokko ta’uu eeraniiru. Akkasumas tasgabbii dhabuun siyaasaa, gahumsa dhabuu dhaabbilee fi aangoo heera mootummaa hin hordofne gonfachuun imala heera mootummaa ardii kanaaf qormaata ta’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaan gama kanaan biyya muuxannoo addaa qabdu ta’uu hubachiisuun, sirnoonni seera mootii fi bulchiinsaa kan biyya keessaa abbootiin hojiirra oolchaa ittiin walbulchaa turan, kanneen akka sirna Gadaa keessa turan seera sirna guddaa hawaasni ittiin bulaa akka jiran hubachiisaniiru. Itiyoophiyaan biyya jaarraa 20 irraa jalqabdee heera mootummaa mataashee qabdu ta’uu eeraniiru. Afrikaa nuti hawwinu, kan nagaa fi badhaadhinni ishee mirkanaa’e uumuuf dhaabbilee mootummaa haqa qabeessaa fi amanamummaan tajaajilan ijaaruun barbaachisaa ta’uu cimsanii dubbataniiru. Kanaafis ijaarsi sirna heera mootummaa gahee olaanaa akka qabu eeruun, barnoonni lammummaa fi sirni kenniinsa haqaa cimuu akka qabu ibsaniiru. Nagaa, tokkummaa fi badhaadhina ardii kanaa mirkaneessuuf ijaarsi sirna heera mootummaa fi mootummaa bu’a qabeessa ta’e murteessaa waan ta’eef, namni hundi xiyyeeffannoo kennuu akka qabu ibsaniiru.

Hawaasummaa
Ayyaanichi tokkummaa sab-daneessummaa cimsuun ijaarsa biyyaaf qooda olaanaa gumaacheera - Af-yaa’ii Aganyoo Tashaagar
Dec 1, 2025 94
Sadaasa 22/2018(TOI)-Ayyaanni sabaa, Sab-lammootaa fi uummattootaa kabajamuun tokkummaa sab-danessummaa cimsuun ijaarsa biyyaaf qooda olaanaa gumaacheera jechuun Af-yaa’iin Mana maree Federeeshinii Aganyoo Tashaagar dubbatan.   Guyyaan Ayyaana sabaa, sab-lammootaa fi uummattootaa Itiyoophiyaa 20ffaan sadarkaa Naannoo Oromiyaatti Godina Gujii Lixaa Magaalaa Bulee Horaatti dammaqinaan kabajameera. Sirna kabaja ayyaanichaarratti kan argaman Af-yaa’iin Mana maree Federeeshinii Aganyoo Tashaagar akka dubbatanitti ayyaanichi Itiyoophiyaanonni waloon jiraachuuf kan waliif galanii fi waggaa waggaan duudhaa Aadaasaanii adda baabaayiitti kan ibsanidha. Kunis Sirni Federaalaa cimaan akka jiraatu gochuun tokkummaa sab-daneessummaa cimsaa ijaarsa biyyaaf qoda olaanaa gumaachuu dubbataniiru. Ayyaanichi waltti hidhaminsa waloo haala cimsuun sadarkaa sadarkaan kabajamee Sadaasa 29 bara 2018 sadarkaa biyyoolessaatti naannoo giddugala Itiyoophiyaa Magaalaa Hosaa’inaatti akka kabajamu kaasaniiru.   Af-yaa’iin Caffee Oromiyaa Sa’aadaa Abdurahimaan gamasaaniin, Ayyaanichi naannichatti tokkummaa sab-daneessummaa fi walitti hidhaminsa haala cimsuun kabajamaa turee har’a xumurmuu ibsaniiru. Ayyaanichi saboonni, sab-lammoonnii fi ummattoonni Aadaa fi duudhaasaanii beeksisuurra darbee tokkummaa sab-daneessummaa caalaatti cimsuuf waadaasanii kan itti haaromsan ta’uu dubbataniiru.   Keessumaa Ayyaanichi Hidhi Haaromsaa Guddichi Itiyoophiyaa xumuramee pirojektoonni gurguddoo hedduun yeroo eegalamanitti kabajamuun misooma biyyaaf waloon dhaabbachuun irra deebuun gamtooma keenya kan itti cimsinudha jedhaniiru.   Bulchaa Godina Gujii Obbo Abdullaahii Hirbaayyee, Godinichatti Jijjiiramaa boodaa eegalee qabeenya jiran gara misoomaatti jijjiiruun fayyadamummaa hawaasaa guddisaa jira jedhaniiru. Keessumaa buna dabalatee midhaan zayitaa biroo akkasumas misooma horii gaafaan, hojiiwwan bu’aa qabeessa ta’an Godinichatti raawwatamuusaanii kaasaniiru.   Ayyaanichi sadarkaa Naannootti Godinichatti kabajamuun qabeenya Naannichaa beeksisuurra darbee misooma eegalaman cimsuuf qooda olaanaa qaba jedhaniiru.
Waajjirri Giiftii Duree deeggarsa meeshaalee qaama miidhamtootaa fi manneen barnootaaf kenne
Dec 1, 2025 41
Sadaasa 22/2018(TOI)-Waajjirri Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoo qaama miidhamtootaaf wiilcheerii 20 manneen barnootaa lamaaf meeshaalee minii-miidiyaa, akkasumas pirojektoota ispoortii 20f meeshaalee ispoortii deeggarsa kenne. Kanaan dura Waajjirri Giiftii Duree ijaarsa manneen barnootaa fi dhiyeessii galteewwan barnootaaf deeggarsa taasisuu yaadachiisaniiru itti Aanaan Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Gondar obbo Chaalaachoo Daanyee. Deeggarsi har’a taasifame kun qaama miidhamtoonni iddoo tokko irraa gara iddoo birootti akka socho’an kan gargaaru akkasumas mana barumsaa deemuun barnoota isaanii itti fufinsaan akka hordofaniif carraa mijataa akka uumu gargaara jedhani. Kanaaf deeggarsa Waajjirri Giiftii Duree taasise galateeffataniiru. Deeggarsi hidhannoo ispoortii dargaggoota pirojektoota ispoortii 20 magaalattii keessatti hirmaataniif iddoo guddaa qaba jedhan itti Gaafatamaan Waajjira Dargaggootaa fi Ispoortii Bulchiinsa Magaalichaa obbo Maaruu Mohaammad. Fayyadamtoota deeggarsa wiilchariin taasifame keessaa aadde Itayyee Kaasaa fi obbo Maaruu Mangistuu yaada kennaniin, sababa balaa uumamaatiin waggoota dheeraaf mana keessa turuuf dirqamne jedhan. Bitachuu dadhabuu irraa kan ka’e wiilchariitti fayyadamuu akka hin dandeenye himuun, deeggarsi wiilcharii isaaniif taasifamuun isaa bakka tokko irraa gara bakka barbaadaniitti socho’uun hojjetatanii of danda’uu akka isaan gargaaru ibsaniiru. Walharkaa fuudhinsa deeggarsa kanarratti hoggantoonni bulchiinsa magaalichaa fi keessummoonni waamichi taasifameef argamaniiru.
Bakkeewwan hawata turizimii fi aadaawwan hedduu Hararitti argine nu ajaa’ibsiiseera- Ambaasaaddarootaa fi bakka bu'oota dhaabbilee idil-addunyaa
Dec 1, 2025 51
Sadaasa 22/2018(TOI)- Bakkeewwan hawwata turizimii fi aadaawwan hedduu Hararitti argine nu ajaa’ibsiiseera jechuun ibsan Ambaasaaddaroonni fi bakka bu'oonni dhaabbilee idil-addunyaa Harar daawwatan. Hararii fi kutaalee biyyattii adda addaatti pirojaktiin misoomni koriidaraa hojjetamaa jiran dinqisiisoo ta’uu daawwattoonni himan. Jilli ambaasaaddarootaa fi bakka bu’oota dhaabbilee idil-addunyaa Ministira Tuurizimii Salaamawwit Kaasaan durfamu dhiheenya kana bakkeewwan hawwata turizimii magaalaa Harar daawwateera. Bakkeewwan hawata turizimii adda addaa Harar, Golambaa, Hambaalee Saba Hararii, ogummaa ijaarsa manneen durii, ogummaa harkaa fi bobbocni hawaasaa wantoota daawwattoonni irratti xiyyeeffatan ta’uu ibsameera. Ambaasaaddaroonnii fi miseensonni jilli idil-addunyaa yaada isaanii TOIf kennan hojii deebisanii misoomsuu ajaa’ibsiisaa bakka hambaa addunyaa kan ta’e Jagoolii fi magaalaa Hararitti hojjetame dinqisiifachuu isaanii ibsaniiru. Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Ruwaandaa Juuliyaa Paataakii akka jedhanitti, hambaa idil addunyaa kan ta’e Jagool haaromsa isaaf taasifameen daran miidhageera. Hojiin haaromsaa fi suphaa xiyyeeffannoo daawwattootaa hawachuu danda’u ta’ee kan hojjetame ta’uu eeruun, hojiin akkanaa cimee itti fufuu akka qabu ibsaniiru. Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Indooneezhiyaa Faayizaal Cheerii Sidaaraataan, bakkeewwan seena qabeessaa fi durii magaalaa Harar keessatti argaman daawwachuu fi kunis baay’ee akka isaan ajaa’ibe himaniiru. Itiyoophiyaatti Daarektarri Olaanaa Qunnamtii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti, Dhaabbata Barnootaa, Saayinsii fi Aadaa (UNESCO) doktar Riitaa Bisunaatii hambaa seenaa Harar of keessaa qabu caalaatti daawwachuun kan malu ta’uu ibsuun, daawwannaa gammachiisaa taasifneerra jedhaniiru. #Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa #TOI
Diinagdee
Missiraachoon Gubaa piroojektoonni gurguddoo biyyoolessaa, Itiyoophiyaa mallattoo milkaa’ina badhaadhina Afrikaa taasisuuf mul'ata agarsiisudha
Dec 1, 2025 18
Sadaasa 22/2018(TOI)- Missiraachoon Gubaa pirojektoonni gurguddoo biyyoolessaa, Itiyoophiyaa mallattoo milkaa’ina badhaadhina Afrikaa taasisuuf mul'ata agarsiisudha jedhan Ministirri Industirii obbo Malaakuu Alleebal. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Qaam’ee 4 bara 2017 yeroo Hidha Guddicha Haaromsa Itiyoophiyaa eebbisan, samii Gubaa jalatti pirojektoota biyyaalessaa gurguddoo doolaara biiliyoona 30n fuuldura ijaaraman ifoomsuun isaanii ni yaadatama. Pirojektoonni gurguddoon biyyoolessaa Itiyoophiyaa Ministirri Muummee beeksisan ijaarsa niwukilaraa nagaa, warshaa boba’aa qulqulleessu, warshaa gaazii uumamaa, buufata xiyyaaraa guddaa, manneen miliyoona 1 tuqaa 5, ijaarsa warshaa xaa’oo kan dabalatudha. Ministirri Industirii obbo Malaakuu Alleebal Pirojektoonni Biyyoolessaa missiraachoo Gubaa galmoota misoomaa gurguddoo badhaadhina Itiyoophiyaa gara fuula duraa murteessan ta’uu ibsaniiru. Keessattuu jijjiirama dameelee saffisiisuun baasii sharafa alaa ol’aanaa Itiyoophiyaan baastu hambisuun, oomishtummaa bakka bu’ummaa biyya keessaa biyyattii fooyyessuu keessatti gahee olaanaa akka gumaachan ibsaniiru. Warshaaleen xaa’oo biyyee fi gaazii uumamaa oomishtummaa qonnaa Itiyoophiyaa fooyyessuu, jijjiirama industirii saffisiisuu, wabii nyaataa fi fayyadamummaa lammiilee mirkaneessuuf gumaacha olaanaa akka taasisan ibsaniiru. Warshaan boba’aa qulqulleessuu fi pirojektoonni anniisaa niwukilaraa nagaa Itiyoophiyaan qabeenya uumamaa ishee fayyadamuun guddinaa fi badhaadhina ishee mirkaneessuu danda’u akka ijaartu kan dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Humna niwuukilaaraa nagaa hojiirra oolchuun guddina diinagdee biyyaa saffisiisuuf shoora olaanaa qaba jedhan. Missiraachoon Gubaa pirojektii biyyaalessaa doolaara biiliyoona 30 kun Itiyoophiyaan fakkeenya badhaadhina Afrikaa akka taatuuf mul’ata ishee galmaan ga’uuf gumaacha olaanaa qaba jedhaniiru.
Misoomni Koriidaraa Magaalota  Jireenyaaf  Mijatoo, miidhagoo fi  dorgomtoota akka ta’an gochaa jira- Ministeera Magaalaa  fi Bu’uuraalee misoomaa 
Dec 1, 2025 54
Sadaasa 22/2018(TOI)-Misoomni koriidaraa Sadarkaa Biyyoolessaatti hojjetamaa jiran magaalota jireenyaa fi hojiif mijatoo, Miidhagoo fi dorgomaa akka ta’an gochaa jiraachuu Ministeerri magaalaa fi bu’uuraalee misoomaa ibse. De’eetaan Ministira Magaalaa fi bu’uuraalee Misoomaa Fantaa Dajan TOI’f akka ibsanitti, Mootummaan Magaalota jireenya lammiileef Mijatoo gochuurra darbee dorgomaa akka ta’aniif xiyyeeffannoo addaan hojjechaa jira. Keessumaa hojiin magaalotaa daa’immanii fi Manguddooaaf mijataa gochuuf bal’inaan hojjetamaa jira. Kanaanis magaalonni hojiiwwan misooma qabeenya uumamaa fi nam-tolchee qaban sirnaan fayyidaarra akka oolchan hojjetama kan eeraman ta’uu ibsaniiru. Akkasumas bakkeewwan magariisaa eegsisuuf , lafa seeraan ala dalleeffamanii taa’an hojiirra akka oolan haalli dandeessisu uumamuu dubbataniiru. Haa ta’u malee fayyadamummaa haqa qabeessa lammiilee mirkaneessuurra darbee magaalota Ammayyaa’oo fi dorgomaa ijaaruuf misoomni koriidaraa dadammaqinsa guddaa uumuu kaasaniiru. Yeroo ammaa hojiin misooma koriidaraa naannoolee hundatti magaalota 70 ol ta’anitti raawwatamaa jiraachuu ibsuun fuulduratti magaalota biyyittii hundatti babal’isuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Hojiiwwan misoomaa kun miidhagina magaalittii kan jijJiiranii fi faayidaa dinagdee fi hawaasummaa guddaa qabaachuu de’eetaan Ministiraa kun ibsaniiru. Misoomni koriidaraa magaalonni jireenyaa fi hojiif mijatoo akka qabaataniif akkasumas hawwattuu fi miidhagdu akka ta’an gochuu eeruun dorgommiinsaanii guddachaa dhufuu dubbataniiru. Fakkeenyaaf magaalaa Finfinnee ammayyooftuu, miidhagduu fi dorgomtuu gochuun waltajjiiwwan idil-Addunyaa keessummeessuuf filatamtuu duraa akka taatu dandeessisuu ibsaniiru.
Waggoottan jijiiiramaa darbanitti hojiiwwan fooyya’insa invastimantii mijataa taassisan hojjetamaniiru
Dec 1, 2025 44
Sadaasa 22/2018(TOI)-Waggoottan jijjiiramaa darbanitti sirreeffamoota hedduun milkaa’ina qaban haala invastimantii jijjiiruu danda’an hojjetamuu isaanii Komishiniin Invastimantii Itiyoophiyaa beeksise. Komishinarri Komishinichaa Dr. Zallaqaa Tamasgeen TOI’f akka himanitti, waggoottan 7n darban humna diinagdee Itiyoophiyaa guddisuuf fooyya’insi diinagdee mandhalee diriiree hojiileen hedduun hojjetamaniiru. Fooyya’insi diinagdee mandhalee dameewwan irratti xiyyeeffatu keessaa tokko baay’ina invastimantii caalaatti guddisuu ta’uu hubachiisaniiru. Kanaanis dirree invastimantii fooyyessuuf tattaaffiiwwan adda addaa taassifamuu komishinarichi ibsaniiru. Isaan keessaa fooyya’insa seeraa taassisuun haala invastimantii naannoo xiyyeeffannoo keessa galchuunii fi invastimantii ifa ta’etti jijjiiruuf kan dandeessisan fooyya’insa seeraa 120 ol ta’an raawwatamaniiru jedhan. Fooyya’insicha hordofuun sektaroonni hedduun waggoota dheeraaf dureeyyii alaaf cufaa kan turan banaa taassisuun akka hirmaatan taassifameera jedhaniiru. Gama birootiin, Iityoophiyaan miseensa Dhaabbata Daldala Addunyaa ta’uuf tattaaffiin taasiftu miseensummaan ishee yoo mirkanaa’eef, sochiin invastimantii ishee daran akka dabaluu danda’us hubachiisaniiru. Dabalataanis yeroo dhihoo kana gara hojiitti kan gale daldalli riijinii bilisaa Afriikaa guddina baay’ina invastimantiif qooda olaana qabaachuu hubachiisaniiru.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Inistiitiyuutiin saayinsii hawaa fi Ji’oospaashaalii buufataalee itti fufiinsaan odeeffannoo Saatalaayitiirraa fudhatan hojii eegalchiise
Dec 1, 2025 44
Sadaasa 22/2018(TOI)-Inistiitiyuutiin saayinsii hawaa fi Ji’oospaashaalii buufataalee itti fufiinsaan odeeffannoo Saatalaayitiirraa fudhatan kan Finfinnee fi naannoleerratti dhaabaman ifatti hojii eegalchiiseera. Ministeera Misooma Magaalaa fi Bu’uuraalee misoomaatti deetaa mistiraa kan ta’an Fantaa Dajan buufataaleen har’a hojii eegalan jijjiirama magaalota keessatti galmaa’aa jiru cimsuuf gumaacha olaanaa taasisuu isaaniis hubachiisaniiru. Keessattuu magaalota pilaaniin bulchuu fi lafa magaalota keessatti lakkaa’ee galmeessuu, haqaan bulchuu fi qorannoo sirrii ta’uu mirkaneessuu keessatti faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kenniinsa murtee ragaa irratti hundaa’e hojjechuunii fi fayyadamtoonni haala salphaa ta’een tajaajila akka argatan kan taasisu dha jedhaniiru. Gara fuula duraatti Ministeerri Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa Buufataalee osoo adda hin kutiin odeeffannoo saatalayitii irraa kan fudhatan, ykn ‘’Continious Operating Reference Station (CORS)’’ 14 ijaaruuf hojjechaa jiraachuu ibseera. Deetaan Ministira Innooveeshinii fi Teekinooloojii Muluqan Qaree gama isaaniin akka jedhanitti, tarsiimoon dijitaal Itiyoophiyaa 2025 milkaa’ina misooma dijitaalaaf shoora olaanaa bahateera jedhan. Ijaarsa bu’uuraalee teekinooloojii irratti hojiin bal’aan hojjetamaa jiraachuu hubachiisuudhaan, ministeerichi baay’ina buufataalee saatalaayitii irraa ragaa fudhatan babal’isuuf tumsaan hojjechuu akka itti fufan akeekaniiru. Buufataaleen odeeffannoo fudhatan har’a hojii kan eegalan kunniin teekinooloojii ammayyaatiin kan guutaman ta’uu daarektarri olaanaa Inistityuutii Saayinsii Hawaa fi Ji’oospashaalii doktar Abdiisaa Yilmaa ibsaniiru. Dabalataan buufataaleen kunniin, ogeessota pilaaniif, qorattootaaf, xiinxaltoota sodaa balaaf, ogeeyyii teessuma lafaaf fi tajaajila addaaf ogeessota kaartaa qopheessaniif odeeffannoo yeroo qabatamaa akka argatan kan dandeessisan ta’uu ibsaniiru. Dameewwan qonnaa, industirii, albuudaa fi dameewwan diinagdee biroo ammayyeessuun odeeffannoo gahaa kennuunis bu’aa guddaa akka qabaatan eeraniiru.
Konfiraansiin Qonna Dijitaalaa jalqabaa Gamtaan Afrikaa qophaasse har'a magaalaa Finfinneetti eegala
Dec 1, 2025 33
Sadaasa 22/2018(TOI)- Konfiraansiin Qonna Dijitaalaa jalqabaa Gamtaan Afrikaa qopheesse magaalaa Finfinnee waajjira muummee gamtichaatti har’aa eegalee akka gaggeeffamu himameera. “Innoveeshinii fi malawwan dijitaalaa fayyadamuun damee qonnaa fi magariisaa cimaa ijaaruun mul’ata egeree Afrikaa milkeessuu” mata duree jechuun gaggeeffama. Oomishtummaa qonnaa guddisuu, tajaajila eksiteenshinii qonnaa dijitaalaa, teekinooloojii fi innoveeshinii qonnaa, dhaqqabummaa gabaa, sonawwan dhaqqabamummaa gatii cimsuu, mala oomishtummaa qonnaa fi jijjiirama qilleensaa dandamachuu ijaaruu waliin walqabsiisu fudhachuu, imaammata qonnaa fi bu’uuraalee seeraa hojiirra oolchuun ajandaawwan konfiraansichaa irratti mari’atamudha. Konfiraansichi marii ce’umsa beekumsaa fi imaammataa irratti kan xiyyeeffatu yoo ta’u, muuxannoon milkaa’ina eksiteenshinii qonnaa biyyoota hirmaattotaas ni dhiyaata. Afrikaa keessatti dhaqqabamummaa malawwan qonnaa dijitaalaa deeggaran, tarsiimoo adda baasuu fi tumsa cimsuun bu’aa guddaa konfiraansicha irraa eegamu ta’uu odeeffannoon Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa Gamtaa Afrikaa irraa argate ni mul’isa. Konfiransichi tarsiimoo qonna dijitaalaa biyyoota Gamtichaaf, Gamtaan Afrikaa akka lakkoofsa warra faranjootaa bara 2024 raggaassise hojiirra oolchu guddisuuf tattaaffii taasifamaa jiru keessaa tokko ta’uu ibsameera. Gamtichi tarsiimoon qonnaa Ajandaa 2063 fi karoora misooma yeroo dheeraa Afrikaa waliin kan walsimu ta’uu ibseera. Tarsiimoon kun teeknooloojii odeeffannoo fi quunnamtii (ICT) fayyadamuun gabaa dijitaalaa biyyoota Afrikaa ijaaruu fi qonna galmoota misooma dijitaalaa fi itti fufiinsa qabu Afrikaa waliin walquunnamsiisuu kan jedhu mul’ata qabu dha. Waltajjiin kun hanga Sadaasa 24/ 2018tti kan turu yoo ta’u, qondaaltota mootummaa olaanoo fi imaammata baastonni biyyoota Afrikaa, qorattoonnii fi saayintistoonni qonnaa, ogeeyyii teeknooloojii, qonnaan bultoonnii fi dhaabbilee qonnaan bultootaa, dhaabbilee qo’annoo fi qorannoo, abbootii qabeenyaa, michoota misoomaa fi qooda fudhattoonni biroo ni hirmaatu.
Naannoo Harariitti lammiileen kuma 7 fi 500 leenjii Itiyoo Koodarsi xumuranii waraqaa ragaa argataniiru
Nov 25, 2025 296
Sadaasa 16/2018(TOI)-Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Harariitti lammiileen kuma torbaa fi 500 leenjii Itiyoo Koodarsi fudhatanii xumuranii waraqaa ragaa argachuu isaanii Ejansiin Innoveeshinii fi Teekinooloojii naannichaa ibseera. Hogganaa Ejansichaa obbo Jamaal Ibraahiim TOItti akka himanitti, naannichatti laanjii Itiyoo Koodarsi kan fudhatan hanga ammaatti lammiilee kuma 16 ta’uu eeraniiru. Lammiileen kuma 7 fi 500 leenjii Itiyoo Koodarsi xumuranii waraqaa ragaa argataniirus jedhan. Bara bajataa kanatti dargaggoota naannichaa kuma 15 ol fayyadamoo taasisuuf karoorfamuukan ibsan obbo Jamaal, ji’oota afran darban keessatti dargaggoonni kuma 6 fi 500 ol leenjii kanaan fayyadamoo ta’uu himaniiru. Sagantaa kanaan pirogiraamiingii, saayinsii daataa, Andirooyidii, hubannoo namtolchee(AI) fi dhimmoota kanaan walqabatan irratti leenjiin akka kennamus ibsaniiru. Leenjichi dargaggoota ogummaa gonfachiisuun dabalatatti, dorgomtootaa fi kalaqa irratti akka hirmaataniif carraa hojii haaraa akka uumaan taasisa jedhan. Sagantaan leenjii Itiyoo Koodarsi miliyoona shan naannichatti akka karoorfametti hojiirra oolaa jiraachuus akeekaniiru. Dargaggoonni leenjii naannichatti hin fudhannes gara fuulduraatti galmaa'anii leenji'uun carraa argame irraa fayyadamoo akka ta'an itti gaafatamaan naannichaa waamicha dhiyeessaniiru. Leenjiin koodaroota miliyoona shan kun dargaggoonni sadarkaa idil-addunyaatti dorgomaa akka ta’an taasisaa akka jirus ni beekama.
Qulqullina Tajaajila fayyaa  eegsisuuf  dhaabbileen Barnota olaanoo hojii Qorannoorratti  xiyyeeffachuu qabu
Nov 24, 2025 269
Sadaasa15/2018(TOI )-Qulqullina tajaajila fayyaa eegsisuuf dhaabbileen Barnota olaanoo hojii Qorannoorratti xiyyeeffachuu akka qaban Barsiisonni damee fayyaa hubachiisan. Waltajjiin marii Kenninsa Barnoota Fayyaa Ammayyeessuun ogeeyyii gahomani horachuurratti xiyyeeffate magaala Ambootti gaggeeffameera. Waltajjii marii kanarratti kan hirmaatan Kolleejjii Fayyaa Yunvarsiisttii Ambootti Gargaaraan Piroofeesaraa Muluu Kitaabaa, tajaajila fayyaa Qulqullina qabu hawaasaaf dhaqqabamaa taassisuuf damichaan humna namaa gahoomee fi dorgomaa ta’e horachuun barbaachisaadha jedhaniiru. Hojiirra oolmaasaatiif qooda fudhattoota Dhaabbilee Barnoota Olaanoo waliin qindoomuun humna namaa horachuuf hojii qorannoo fi qo’annoo qabatamaan deeggarame hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru. Kenninsa Barnoota fayyaa ammayyeessuun hojii fayyaa dhukkuba ittisuu fi yaalanii fayyisuu Mootummaan hojiirra oolche milkeessuuf bu’uura ta’uu dubbataniiru. Waltajjiin marii Qopheessummaa Yunvarsiitii Amboon gaggeeffame qaama kanaa ta’uu eeruun Yunvarsiitiin Amboo gama Kanaan kenninsa Barnoota fayyaa qorannoo fi qo’annoon deeggaruun yericha wajjin wal-simsiisuurratti xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu hubachiisaniiru. Kessumaa Yunvarsiitiin Amboo, Yunvarsiitii Jimmaa fi yuunvarsiitii Noorweey V.I.D. waliin hojjechuun barattoota damee fayyaa Digirii 2ffaa fi 3ffaa baratan hojii qorannoo fi qo’annoo gaggeessan rakkoo hawaasaa qabatamaan akka furaniif hojiin gorsaa waloon raawwatama jedhaniiru. Yunvarsiitii Kolleejjii fayyaa Jimmaatti Gargaaraan pirofeesaraa Abbabaa Abarraa gamasaaniin, Barnoota fayyaa bu’aa qabeessa taassisuuf tumsi hayyootaa fi qooda fudhattootaa murteessaa ta’uu ibsaniiru. Waltajjiin marii qopheessummaa Yunvarsiitii Amboon gaggeeffame kenninsa barnoota fayyaa qabatamaan deeggaruunii fi hojii qorannoo fi qo’annoo sagantaa guutuun olitti rakkoo hawaasaa kan furan yaada galtee imaammataa akka ta’aniif kan deeggaru ta’uu eeraniiru. Barsiisaa fi qorataa Yunvarsiitii Noorweey Dr.Tasfaayee Lataa kenninsa barnoota fayyaa teekinooloojii Ammayyaa yericha gituun deeggaruun kennamuun ogeeyyii cimoo fi gahumsa qaban horachuuf akka deeggaru ibsaniiru. Kanaanis tumsi Yuunvarsiitonni eegalan damicha fooyyessuun gumaacha gaarii qabaata jedhaniiru.
Ispoortii
Dursaan Liigichaa Bunni Sidaamaa Baankii Daldala Itiyoophiyaa waliin taphata   
Dec 1, 2025 57
Sadaasa 22/2018(TOI)-Tapja Piriimer Liigii Itiyoophiyaa torban 8ffaan oolmaasaa guyyaa 2ffaan taphoonni sadii ni gaggeeffamu. Sagantichaan Taphni Bunni Sidaamaa Baankii Daldala Itiyoophiyaa waliin guyyaa sa’aatii 10:00 Istaadiyeemii Finfinneetti gaggeessan ni eegama. Dursaan liigichaa Bunni Sidaamaa tapha liigichaa torba hanga ammaatti gagggeesseen shan yoo injifatu, yeroo tokko mo’amera. Tapha hafe tokkoon wal -qixa adda baheera. Taphicharratti galchii 11 yoo lakkoofsisu galchii 4 keessummeesseera. Bunni Sidaamaa qabxii 11 sadarkaa 1ffaa qabateera. Injifataan Liigichaa bara 2016 Baankiin Daldala Itiyoophiyaa bara dorgommichaan taphoota 7 gaggeesse keessaa injifachuu kan danda’e yeroo tokko qofa. Yeroo tokko injifatee yeroo shan wal-qixa adda baheera. Galchii 8 yoo lakkoofsisu haaluma wal-fakkaatuun galchii 8 keessummeessera. Baankiin Daldala Itiyoophiyaa qabxii 8’n sadarkaa 12ffaarratti argama. Bunni Sidaamaa yoo injifate dursummaa liigichaa ni cimsa. Faallaasaan Baankiin Daldala Itiyoophiyaa yoo injifate gara injifannootti deebi’a. Sagantaawwan biroon Midiragannat Shireen magaalaa hawaasaa waliin guyyaa sa’aatii 7:00 Isaadiyeemii magaalaa finfinneetti taphatu. Midiragannat Shireen bara dorgommichaatti taphoota 7 gaggeesseen lama injifatee , yeroo lama injifatamee, yeroo sadii qixa baheera. Galchii 6 yoo lakkoofsisu, galchii shan keessummeesseera. Garichi qabxii 9 sadarkaa 10ffaa qabateera. Morkataansaa Magaalaan Hawaasaa taphoota liigichaa 7 gaggeesse keessaa 4 yoo injifatu yeroo lama mo’ameera. Tapha biroo 1‘n qabxii qooddateera. Taphoota 7 keessaa galchii 9 yoo lakkoofsisu galchii 5 keessummeesseera. Magaalaan Hawaasaa qabxii 13n sadarkaa 4ffaa qabateera . Bunni Itiyoophiyaa Hadiyaa Hosaa’inaa waliin guyyaa sa’aatii 10:00 Istaadiyeemii yuunvarsiitii hawaasaatti taphasaanii gaggeessu. Bara dorgommichaatti taphoota 7 gaggeesse keessaa lama kan injifate bunni Itiyoophiyaa yeroo 4 mo’ameera. Yeroo tokko qixa adda baheera. Taphichaan galchii 6 yoo lakkoofsisu galchii 8 keessummeesseera. Bunni Itiyoophiyaa qabxii 7n sadarkaa 15ffaarratti argama. Liigichatti Hadiyaa Hosaa’inaan kan injifate tapha tokko qofa. Yeroo lama mo’amee taphoota hafan 3 qixaan adda deebi’eera. Galchii 5 yoo lakkoofsisu , galchii 7 keessummeesseera. Garichi morkataasaan qaxii 7 qixa argatee qabxiin caalamee sadarkaa 16 qabateera.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Misoomni qarqara lageenii magaalichaa nageenyi lageenii akka eegamu gahee olaanaa bahachaa jira
Nov 20, 2025 421
Sadaasa 11 /2018(TOI)-Misoomni qarqara lageenii magaalaa Finfinnee bakka aara galfii fi iddoo bashannnanaan dabalatatti, nageenyi lageenii akka eegamu gochuu keessatti gahee olaanaa taphachaa jiraachuu jiraattonni magaalichaa Tajaajila Oduu Itiyoophiyaatti himaniiru. Magaalattii keessatti balfi dhangala’oowwaniin faalame lageenitti gadhiifamuun lageen faalaa turaniiru. Kunis lageen magaalattii jiraattotaaf, lubbu qabeeyyiif akkasumas biqilootaaf faayidaa kennuun ala, akka sodaatti ilaamaa turani. Miidhaawwan kunneen hambisuuf, magaalittiin misooma koriidaraa jalqabdeen, lageen kanaan dura akka sodaatti ilaalaman yeroo ammaa nageenyi isaanii eegamee bakka bashannaa ta’aniiru. Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa hawaasa naannoo qarqara lageenii bashannanan dubbiseen, misoomni qarqara legeenii kanaan dura sodaa hawaasaa ture yeroo ammaa bakka aara galfii fi bakka bashannanaa ta’uun dabalatatti miidhagina magaalittiif shoora olaanaa bahachaa jiraachuu himaniiru. Obbo Marsaa Baqqalaa fi obbo Girmaayee Fissahaa turtii TOI waliin taasisanin akka jedhanitti, misoomni qarqara lageenii kanaan dura lageen bakka itti balfi gatamu ta’uu fi karaa sana darbuunuu rakkisaa ture wayita ammaa garuu misoomee arguun hedduu kan isaan gammachiise ta’uu dubbataniiru. Misoomni koriidaraa qarqara lageenii kunniin magaalaa Finfinnee miidhagduu akkuma maqaashee taasisaa jiraachuu eeraniiru. Hojiin misooma koriidaraa, kun lageenii fi naannoo isaanii miidhagsuu fi qulqulluu taasisuu qofa osoo hin taanee, muuxannoo fi dandeettii Itiyoophiyaanonni kunuunsaa fi eegumsa naannoo irratti qaban kan mul’ise ta’uu kan ibsan immoo Gaaddisaa Waaqjiraadha. Misooma koriidaraa qarqara lageeniin, bakkeewwan bashannanaa mijatoo hedduun daa’immanii fi dargaggootaaf oolan ijaaramaniiru kan jedhan immoo dargaggoo Solomoon Daawitii fi Abdii Malkaamuudha. Bakki bashannanaa kun yeroo keenya bakka hin taanetti akka hin dabarsineef nu gargaaruun, qilleensa qulqulluu afuura baafachaa, gammachuu guddaa argachuuf carraa nuuf baneera jedhan.  
Biqiloota Sagantaa Ashaaraa Magariisaan Ganna darbe dhaabne kunuunsaa jirra-Qonnaan bultoota
Nov 18, 2025 374
Sadaasa 9/2018(TOI)-Biqiloota Sagantaa Ashaaraa Magariisaan Ganna darbe dhaaban kunuunsaa jiraachuu qonnaan bultoonni Godina Shawaa Lixaa himan. Qonnaan bultoonni kunniin biqiloota sagantaa Ashaaraa Magariisaan dhaaban irraa faayidaa hedduu argachaa jiraachuu himuun, kunuunsa isaa irrattis xiyyeeffannoon hojjecha jiraachuu dubbataniiru. Qonnan bultoonni aanaa Calliyaa obbo Asfawuu Dinquu fi obbo Fayisaa Qananii, waggoottan darban Sagantaa Ashaaraa Magariisaan biqiloota dhaabuun isaanii lafa qullaa hafee ture damdamachiisuun dabalatatti, oomishaa fi oomishtummaa isaanii kan dabale ta’uu Tajaajila Oduu Itiyoophiyaatti himaniiru. Kanaan dura lafti qonnaa isaanii biyyeen lolaan dhiqamee manca’aa ture, wayita ammaa garuu furmaata argachuu dubbataniiru. Yeroo ammaa kanattis midhaan dheedhii adda addaa oomishaa jiraachuu eeruun qonnaan bultoonni kunnin, biqiloonni sagantaa Ashaaraa Magariisaan dhaabaman gabbina biyyee dabaluun, miidhagina naannoofis shoora olaanaa bahachuu dubbataniiru. Kanaan dura osoo sagantaan Ashaaraa Magariisaa hin eegalamiin dura, roobni waktiisaa eegee hin roobu ture; amma garuu roobni waqtiisaa eegee akka roobuu fi roobni waktii malee roobees balaa akka hin geessifne nu gargaaruun oomishaa fi oomishtummaa keenya dabaleera jedhan qonnaan bultoonni kunniin. Qonnaan bultoonni kunniin hawaasa naannoo isaanii hirmaachisuun, hojii kunuunsa biyyee, daagaa hidhuu hojjetaniinii fi kunuunsa biqiloota dhaabamaniif taasisaniin jijjiirama fidaa jiraachuu himaniiru. Itti aanaa bulchaa aanaa Calliyaa fi hogganaan Waajjira Qonnaa fi Bulchiinsa Lafaa aanichaa, obbo Hinnahuu Tashoomaa akka jedhanitti, hojii misooma magariisaa godinicha keessatti hojjetamaa jiru keessatti hirmaannaan hawaasaa guddachaa kan dhufe ta’uu ibsaniiru. Aanichatti sagantaa Ashaaraa Magariisaan biqiloonni dhaabaman, kunuunfamaa jiraachuu dubbataniiru. Aanichatti erga sagantaan dhaabbii biqilootaa Ashaaraa Magariisaan eegalamee as qabeenyi uumamaa naannoo sanaa miidhagee, haalli qillensaa toluun dabalatatti qonnaan bultoonnis oomishaa fi oomishtummaan isaanii dabaluu himaniiru. Sagantaa misooma Ashaaraa Magariisaa aanicha keessatti adeemsifameen, biqiltuuwwan biyya keessaa dhaabuun, dabalatatti biqiloota soorataaf oolan kanneen akka maangoo, muuzii, avokaadoo fi buna dhaabuun qonnaan bultoonni faayidaa olaanaa irraa argachaa jiraachuu eeraniiru obbo Hinnahuun.
Itiyoophiyaan yaa’ii haala qilleensaa Dhaabbata Mootummoota gamtoomanii (Cop-32) akka keessummeessitu filatamuunshee Itiyoophiyaa fi Afriikaaf seenaa qabeessadha- Dura taa’aa Komishinii Gamtaa Afriikaa
Nov 15, 2025 363
Sadaasa 6/2018(TOI)- Itiyoophiyaan yaa’ii haala qilleensaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (Cop-32) akka keessummeessitu filatamuunshee Itiyoophiyaa fi Afriikaaf seenaa qabeessa jechuun Durataa’aan Komishinii Gamtaa Afriikaa Mahaammud Alii Yusuuf ibsan. Durataa’aan kun Itiyoophiyaan yaa’ii haala qilleensaa Dhaabbata Mootummoota gamtoomanii (Cop-32) akka keessummeessitu filatamuusheen ergaa baga Gammaddanii dabarsaniiru.   Murtichi Ityoophiyaa fi Afriikaaf seenaa qabeessa ta’uu dura taa’aan kun ibsuun, kunis kutannoo hin jijiiramne tarkaanfii Afriikaan jijjiirama haala qilleensaaf qabdu argisiisa jedhaniiru. Itiyoophiyaan karaa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin qooda hoggansa haala jijiirama qilleensaa qabdu ajaa’ibsiifataniiru. Itiyoophiyaan bosona hedduu deebisanii misoomsuu fi Ashaaraa Magariisaa dabalatee tarkaanfiiwwan eegumsa naannoo cimaa fudhachaa jiraachuu ibsaniiru. Itiyoophiyaan Taateewwan Idil-Addunyaa milkaa’inaan keessummeessuun humna dilbii qabaachuushee kaasuun yaa’iiwwan Ardii fi Idil-Addunyaa gurguddoo keessummeessuuf dhaabbatummaa cimaa fi muuxannoo qabdi jedhaniiru. Teessoo Gamtaa Afriiklaa fi Gidduugala Dippiloomaatii Addunyaa kan taate magaalaan Finfinnee yaa’icha akka keessummeessitu filatamuunshee qooda tumsa Gidduugala Idil-Addunyaatti Qabdu Caalaatti akka Guddisuus Ibsaniiru. Komishinichi Itiyoophiyaa, hammattoo jijjiirama haala qilleensaa dhaabbata mootummoota Gamtoomanii (UNFCCC) fi deeggartoota waliin ta’uun (Cop-32) hunda hirmaachisaa fi bu’aa qabeeessa gochuun xiyyeeffannoo duraa haala jijiirama qilleensa Afriikaa caalaatti tarkaanfachiisuu fi Tumsa Idil- Addunyaa cimsuuf dhiheenyatti akka hojjetu ibsuusaanii Gamtichi odeeffannoo TOI’f ergeen ibseera. Yaa’iin haala Qilleensaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 32ffaan (cop-3o) Biraazil Belemittigaggeeffamaa jiruun Itiyoophiyaan A.L.A bara 2027 gaggeeffamu (cop-32) akka keessumeessitu filatamteetti. Biyyoonni Afriikaa (COP-32) Itiyoophiyaatiif feedhii keessummeessuuf deeggarsasaanii guutuu kennuunsaanii ni yaadatama.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 15677
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 387
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan.   Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru.   Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru.   Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.  
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015