Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Bulchiinsi magaalichaa xiyyeeffannoo addaan waan hojjeteef qabxiin barattootaa fooyya’aa dhufeera-Kantiibaa Adaanech Abeebee
Sep 1, 2026 114
Hagayya 26/2018 (ENA)- Bulchiinsi magaalichaa qulqullina barnootaa mirkaneessuuf xiyyeeffannoo addaan waan hojjeteef qabxiin barattootaa fooyya’aa dhufuusaa Kantiibaa Adaanech Abeebee ibsan. Kantiibaa Adaanech Abeebee mata duree “ifa boruu sammuu har’aa keessatti” jedhuun yaa’ii barnootaa 33ffaa sadarkaa magaalaatti har’a jalqabsiifneerra jedhan. Yaa’ii kana wagga wagga kan gaggeessinu qulqullina barnootaa mirkaneessuuf, qaqqabummaa barnootaa bal’isuuf, adeemsa baruu fi barsiisuu bu’a qabeessa gochuuf,hojiilee ciccimoo sektara Kanaan hojjetaman irraa muuxannoo kan itti fudhannu, kan sirraa’uu qaban adda baasuun waliin taanee furmaata kan barbaannuu fi waliin taanee kallattii kan itti fudhannudha. Bulchiinsi magaalaa keenya qulqullina barnootaa mirkaneessuuf xiyyeeffannoo addaan hojjennee qabxiin barattootaa fooyya’aa dhufeera. Qabxiin barumsaa kutaa 12ffaa magaalaa keenyatti gara dhibbantaa 33tti fooyya’eera. Ammas taanaan qabxii guddaa barbaanna; jabaannee hojjechuu qabna. Brasiisonni, qooda fudhattoonni xiiqiin hojjennee barattoota uumuu danda’an, rakkoo furan,naamusaan guutaman, beekumsaan kan guutaman baay’inaan uumuuf hojjechuu qabna. Akka bulchiinsa magaalaa keenyaatti invastimantii ijoo ta’e barumsaaf oolchina jennee; bajata olaanaa sektara barnootaaf oolchineerra. Bu’urarraa dhalootarratti hojjechuun murteessaa waan ta’eef guddinni sammuu inni ijoon yeroo daa’ima kichuu waan ta’eef yeroo ijoolummaan durarratti hojjechaa jirra. Haala Kanaan bu’urarraa eegallee hojjechaa maneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa akkasumas sadarkaa lammaffaarratti qabxii olaanaa fi dhaloota naamusaan guutame eegna jedhaniiru.
Raawwii hojii Ijoo Ministira Mummee Baatii Adoolessaa fi Hagayyaa raawwatan
Sep 1, 2026 115
Sagantaa Dhaabbii Biqiltuu Ashaaraa Magariisaa guyyaa tokkoo: Sagantaan Ashaaraa Magariisaa yeroo waggaa 8ffaa isaa qabatee jirutti, walitti qabaa COP32 Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad ,Giiftii duree Zinnaash Taayyaachoo fi miseensota Koree Qindeessaa COP32 bakka argamanitti waliin ta'uun sagantaa dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaa biyyaalessaa guyyaa tokkoo bara kanaa gaggeessaniiru. Duulli kun guutuu biyyattii keessatti Itoophiyaanotaan guyyaa tokkotti biqiltuu miliyoona 800 dhaabuuf galma guddaa qabatee kan ka'e yoo ta'u, kaayyoo kaa'ame olitti milkeessuu danda'eera. Tattaaffiin kun Itoophiyaanota guutuu biyyattiin kan raawwataman yoo ta'u, Ministirri Mummee hirmaattonni injifannoo seenaa, tokkummaa fi obsaa galmeessuusaanii ibsuun galateeffataniiru. Daawwannaa fi Eebba Pirojektootaa: Ministirri Muummee taarmiinaala haaraa Buufata Xiyyaaraa Idil-Addunyaa Deejjaazmaach Balaay Zallaqaa Baahir Daaritti argamu eebbisuun tajaajilaaf banaa taasisaniiru. Pirojektiin kun Itoophiyaaf karra seensaa ijoo keessaa tokko ta'uu kan ibsan Ministirri Muummee, magaalaan kun qormaatilee dhiyoo kana ishee mudataniin osoo hin jilbeeffatiin obsa, dandamachuu fi wiirtuu investimantii fuulduraa ta'uushee mirkaneessuu danda'uushee hubachiisaniiru. Taarmiinaalli haaraan kun bu'uuraalee misoomaa buufata xiyyaaraa ammayyaa, daandiiwwan ga’umsaa fooyya'an fi tajaajiloota bal'aa qabachuun dandeettii buufata xiyyaaraa kan babal'isu fi mijaa'ina imaltootaa kan fooyyessu dha. Kunis jijjiirama magaalattii bal'aa waliin wal-qabatee Baahir Daarin wiirtuu balallii Idil-Addunyaa fi biyya keessaa taasisa.   Dhimma Hawaasummaa: Gama biraatiin, Ministirri Mummee Dr. Abiyyi Ahimad (OBN) waliin gaaffii fi deebii kan taasisan yoo ta'u, turtii isaaniitiin gareewwan hidhatanii Oromiyaa, Amaara fi Tigiraay keessa socho'an kanneen faayidaa biyyaa caalaa faayidaa dhuunfaa isaanii dursan moo'achuu akka hin dandeenye erga hubatanii booda tumsa uumuusaanii ibsaniiru. Dabalataanis, ilaalchaa fi mala gaggeessummaa yeroon irra darbeen gareewwan kun Itoophiyaa dadhabsiisuu fi diiguu kanneen barbaadan diina seenaa alagaatiif akka meeshaa tajaajilaa jiraachuu isaanii dogoggora seenaa kana ibsaniiru. Dabalataanis, dimokiraasiin dhugaan siyaasaa qofa osoo hin taane, gara marii biyyaaleessaa dhugaa kana ol'aantummaa seeraa mirkaneessutti ce’uu akka qabu cimsuun dubbataniiru.  
Akkaataan Gibxi bishaan itti fayyadamtuu fi kunuunsitu qisaasa guddaaf kan saaxilamedha-Obbo Faq Ahimad Nagaash
Sep 1, 2026 89
Hagayya 26/2018 (ENA)- Akkaataan Gibxi bishaan itti fayyadamtuu fi kunuunsitu qisaasa guddaaf kan saaxilame ta’uusaa miseensi garee marii gam-sadee hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddichaa duraanii Obbo Faq Ahimad Nagaash ibsan. Obbo Faq Ahimad Nagaash ministeera bishaanii fi inarjiitti dura taa’aa garee bishaan daangaa darbanii fi gorsaa hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddichaa (GERD), akkasumas daarektara olaanaa waajjira koree teekiniikaa baha Naayil ardichaa ta’uun tajaajila jiru. Qorataan qabeenya bishaanii kun turtii ENA waliin taasisaniin, gaarrenii fi sululoonni gadi fagoo Itiyoophiyaa bishaan kuusuuf mijataa ta’uu ibsaniiru. Bakkeewwan qabbanaa’aa kanatti bishaan kuusuun biyyoota yaa’a Abbayyaa keessatti argamaniif akka fayyadu dubbataniiru. Haala kana Gibxitti kan argamuu fi naannawa gammoojjiitti ijaaramuusaatiin urki bishaanii olaanaan kan irraa mul’atu hidha Aswaan waliin wal bira qabuun dhiheessaniiru. Waggaa tokko qofaatti hidha Aswaan irraa bishaan kuubiik meetirii biiliyoona 15 amma 16 hurkaan bahee akka qisaasamu kaasaniiru. Itiyoophiyaatti bishaan bakka gadi fagoo, sulula dhiphaa fi bakka haalli qilleensaa mijataan jirutti kuusuun hurka hir’isuuf akka gargaaru dubbataniiru. Bakki bishaan itti kuufamu Itiyoophiyaa waan ta’eef bishaan sababa ho’aatiin qisaasamuu danda’u hedduu baraaruun olitti baay’ina bishaanii gara biyyoota yaa’a Abbayyaa gara gadiitti gadhiifamu amansiisaa fi tasgabbaa’aa akka ta’u taasisa jechuun ibsaniiru. Akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 2005 balaan lolaa guddaan Gibxitti wayita mudatetti maandisoonni biyyattii toora ‘Weestarni spiilweey’ jedhamu banuudhaan bishaan kuubiik meetirii biiliyoona hedduu ta’u gara sulula tushkaatti kallattii akka jijjiiru gochuusaanii dubbataniiru. Kun ammoo dandeettiin Itiyoophiyaan bishaan kuusuuf qabdu guddaa dabaluunsaa qisaasama bishaanii yaa’a Abbayyaa irra jiru hir’isuu fi bu’uraaleen misoomaa biyyoota yaa’a Abbayyaa gara gadii balaa lolaaf akka hin saaxilamne ittisuun akka danda’amu agarsiifuudha jedhaniiru. Walumaa gala bishaan sululoota gaarren Itiyoophiyaatti kuufamu dabaluunsaa bishaan wagga waggaan Gibxii fi Sudaanitti qisaasamu hir’isuuf akka gargaaru dubbataniiru. Bishaan Itiyoophiyaatti kuufamu faayidaandaa bishaan kunuunsuuf qofa akka hin taane qorataan bishaanii kun ibsaniiru. Bu’uraaleen misoomaa hayidiroo elektiriikii Itiyoophiyaa fedhii biyya keessaarra darbuun biyyoonni yaa’a abbayyaa gara gadii anniisaa elektiriikii qulqulluu gatii madaalawaan akka argataniif carraa ni uuma jedhaniiru. Tumsi inarjii akka kanaa timsa dinagdee biyyoota yaa’a Naayil jidduu jiruuf humna dabalataa akka ta’es kaasaniiru.
Imalli waloo dhaabbilee Amantaa Nageenya, tokkummaa hawaasummaa fi misooma biyyaatiif gahee murteessaa qaba- Pirezidaanti Taayyee Atsqasillaasee
Sep 1, 2026 64
Hagayya 26/2018 (ENA): Imalli waloo dhaabbilee Amantaa Nageenya, tokkummaa hawaasummaa fi misooma biyyaatiif gahee murteessaa qabaaachuusaa Pirezidaantiin FDRI Taayyee Atsqasillaasee ibsan. Dhaabbileen amantaa Itoophiyaa waggoota 15 darban keessatti tumsa isaanii cimsuun, nageenyaa fi tokkummaa hawaasummaa guddisuun, guddinaa fi misooma biyyaalessaaf gahee murteessaa ba’uusaanii Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee ibsaniiru. Ayyaanni hundeeffama waggaa 15ffaa fi Walgahiin idilee 18ffaan Yaa’ii Dhaabbilee Amantaalee Itoophiyaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.   Pirezidaanti Taayyee Atsqasillaasee walgahicharratti akka jedhanitti, yaa’ichi waltajjii abbootii fi hoggantoota amantaa walitti qabu qofa osoo hin taane, seenaa biyyattii, yaada uummataa fi fedhiiwwan waloo kan itti yaadatamuu fi itti mari’atamuu ta’uu dubbataniiru. Dhaabbileen amantaa barsiisa isaaniin, ayyaana hafuuraa fi tokkummaa akka qabeenyaatti fayyadamuun biyyaaf waliin dhaabbachuu fi waliin mari’achuun duudhaa guddaa dhaloota dhufuuf darbuudha jedhaniiru.   Itoophiyaan biyya yaada, humna, dhiigaa, dafqaa fi kadhannaa dhaloota walitti fufaniin ijaaramtee fi dhaabbileen amantaa waggoota dheeraaf naamusaa fi amala gaarii uummataa bocuun, bu’uuraalee hawaasummaa ciccimoo biyyattii keessaa tokko ta’uu eeraniiru. Dhaabbileen amantaa dhaloota keessumaa daa’immanii fi dargaggoota aadaa fi amala badaa irraa eeguun, dhaloota biyyaaf dhaabbatu ijaaruurratti itti gaafatamummaa olaanaa qabu jedhaniiru. Akkasumas, gochaalee aadaa, safuu, naamusaa fi Itiyoophiyaanotaa faallaa ta’an kanneen akka badii, saamichaa fi gara jabinaa akka hin babal’anne barsiisuu, akeekuu fi sirreessuun hojiiwwan dursaa dhaabbilee amantaa ta’uu akka qabu hubachiisaniiru. Adeemsa marii biyyaalessaa dhiyeenya kana gaggeeffamerratti bakka buutonni dhaabbilee amantaa gahee olaanaa bahuu isaanii kan eeran Pirezidaant Taayyee Atsiqa-Sillaaseen, waliigaltee biyyaalessaa fi nageenya deebisuuf adeemsa taasifame keessattis gaheen dhaabbilee amantaa olaanaa ta’uu ibsaniiru. Mariin biyyaalessaa dhugaa, dhiifamaa fi waliigaltee irratti akka hundaa’u, akkasumas lammiileen Itoophiyaa hundi yaada isaanii bilisaan akka qooddatan taasisuurratti gaheen dhaabbilee amantaa itti fufiinsa qabu murteessaa ta’uu eeraniiru. Kunis nageenya waaraa fi guddina biyyaalessaaf bu’uura cimaa akka uumu ibsaniiru. Mootummaan gahee dhaabbileen amantaa nageenya waaraa, tokkummaa hawaasummaa fi guddina biyyaalessaa waliigalaa keessatti qaban hubachuun, bilisummaa dhaabbilee amantaa eeguu fi hojii isaanii itti fufsiisuuf tumsa, qindoominaa fi deeggarsa barbaachisaa akka taasisu ibsaniiru.
Shaggar Magaala Qonnaan Bulaa wajjin guddachuuf karoorfattee hojjechaa jirtudha - Dr.Tashoomaa Addunyaa
Sep 1, 2026 67
Hagayya 26/2018 (ENA): Shaggar Magaala Qonnaan Bulaa wajjin guddachuuf karoorfattee hojjechaa jirtu ta’uushee kantiibaan bulchiinsa Magaalaa Shaggar Dr.Tashoomaa Addunyaa ibsan. Kabajni guyyaa Qonnaan bultootaa Magaalaa Shaggar kutaa Magaalaa Sulultaatti mata-duree "Qonnaan bulaa ammayyaa'eefi Qonna ammayyaa Badhaadhina hunda-galeessaaf" jedhuun kabajamaa jira. Sagantichi bakka sadarkaa itti Aanaa Pirezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Dr. Tashoomaa Addunyaa, Hogganaa Biiroo misooma Magaalaafi manneen Oromiyaa Obbo Mahaammad Guyyee dabalatee hoggantoonniifi keessummootni garagaraa argamanitti eegalameera. Shaggar Magaalaa haaraa jiruufi jireenya hawaasaa fooyyessuuf hojjechaa jirtu ta'uu kan himan sadarkaa itti Aanaa Pirezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti kantiibaa Magaalaa Shaggar Dr. Tashoomaa Addunyaa sagantaan kunis bu'aa qabeessummaa qonnaan bultootaa mirkaneessuuf kan kaayyeffate ta'uu ibsaniiru. Bu'aa qabeessummaa qonnaan bultootaa mirkaneessuuf hundeeffama irraa eegalee leenjiiwwan ogummaa kennuun cinatti dhiyeessii qonnaa akkasumas giddugaloota gabaa Oomishaaleen Qonnaa irratti dhiyaatan babal'isuun kan danda'ame ta'uus himaniiru. Hogganaa Biiroo misooma Magaalaafi manneen Oromiyaa saganticha irratti argamuun; Shaggar turtii waggoottan muraasa keessatti milkaa'inoota gurguddoo galmeessaa jiraachuushee ibsaniiru. Hundeeffama Magaalaa Shaggariin booda hojii hojjetameen buqqaatiifi miidhama qonnaan bultootaa hambisuun ce’umsa Qonnaan bultoonni gara Investimantiitti taasisan caalmaatti cimsuun kan danda'ame ta'uus himaniiru. Sadarkaa itti Aanaa kantiibaatti qindeessaa kilaastera Qonnaafi misoomaa Magaalaa Shaggar Obbo Girmaa Hayiluu Shaggar Magaalaa ammayyooftuu bu'aa yaadama ida'amuutiin Qonnaan bultoota hammachuun ijaaramte ta'uushee ibsuun, kanaanis hojii waggoottan darbanitti hojjetameen cabinsa siyaasaa, hawaasummaafi dinagdee qolachuun kan danda'amuu dubbataniiru. Shira bulchiinsa sirna siyaasaa amma dura tureen cabinsa hawaas-dinagdee hambisuun hirmaannaa Qonnaan bultootni ce’umsa dinagdee biyyaa keessatti qaban dhugoomsaa jiraachuu kan himan, kaayyoon sagantaa kanaas riifoormii dinagdee biyyaa keessatti qonnaan bultoota jajjabeessuuf ta'uus himaniiru. Sagantaa kana irrattis agarsiini Baazaariifi Egzibiishinii oomishaalee bu'aa Qonnaa gaggeeffameera.
Kan mul'ate

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa

Riifoormiin dhaabbilee nageenyaa fi tasgabbii keessatti taasifame birmadummaa fi sirna demokiraasii Itiyoophiyaa karaa amansiisaa ta’een eegsiseera
Sep 1, 2026 118
Hagayya 25/2018 (ENA)- Riifoormiin dhaabbilee nageenyaa fi tasgabbii keessatti taasifame birmadummaa fi sirna demokiraasii Itiyoophiyaa karaa amansiisaa ta’een eegsisuusaa mana maree bakka bu’oota ummataatti itti aanaa dura taa’aan koree hariiroo alaa fi dhimmoota nageenyaa Dr. Fatiih Mahidii ibsan. Doktar Fatiih Mahidii ENA waliin gaaffii fi deebii taasisaniin, dhaabbileen nageenyaa fi tasgabbii waggoottan darban hojiilee riifoormii bu’a qabeessa raawwachuusaanii kaasaniiru. Haala Kanaan raayyaa ittisaa, tajaajilli odeeffannoo fi nageenyaa biyyaalessaa, akkasumas poolisii federaalaa dabalatee dhaabbileen biroon hojmaatasaanii ifaa fi hirmaachisaa gochuusaanii wabeeffataniiru. Lammiileen naannolee hundaa fi sabaa fi sab-lammoota irraa walitti dhufan kan irratti hirmaatan caaseffama Kan Itiyoophiyaanota hundaa ta’e ijaaruun akka danda’ame dubbataniiru. Dhaabbileen kunneen birmadummaa biyyaa fi nageenya lammiilee karaa amansiisaa ta’een kabachiisuuf hubannoo nam-tolchee fi teeknooloojiiwwan haaraan akka gurmaa’an taasifamuusaas beeksisaniiru. Dhaabbileen kunneen ogeeyyota hidhannoo teeknooloojii karaa bu’a qabeessa ta’een gaggeessan horachuuf miseensotasaanii biyya alaatti erguun barnoota sadarkaa olaanaa fi leenjii addaa akka argatan gochuun hojii bu’a qabeessa raawwachuusaanii beeksisaniiru. Humni teeknoloojii fi namaa gabbate yaaddoo nageenyaa Itiyoophiyaarratti aggaamamu kamiyyuu ittisuu fi mo’achuudhaan furmaata egeree fiduusaa dubbataniiru. Dhaabbileen nageenyaa fi tasgabbii balaa diigumsaa Itiyoophiyaarratti aggaamame qolachuun biyya baraaruu akka danda’an ibsaniiru. Hojiileen hojjetaman nageenya cimsuudhaan, tokkummaa, birmadummaa fi daangaa Itiyoophiyaa kabachiisuu akkasumas nageenya lammiilee eegsisuu akka dandeessise dabalanii beeksisaniiru. Akka Kanaan Itiyoophiyaa akka biyyaatti akkajiraattu, birmadummaa fi sirna demokiraasii itti fufsiisuuf aarsaan lubbuu raayyaan kanfalaa jiru homaanuu akka bakka hin bu’amne beeksisaniiru. Aarsaan jaalala biyyaa dhaabbileen nageenyaa fi tasgabbii Itiyoophiyaan cichitee akka itti fuftu taasifamu fakkaataa kan hin qabnee ta’uusaa fi galmasaa kan qaqqabee fi milkaa’aa ta’uusaa ibsaniiru.
Hojiin Ummanni Naannoo Amaaraa finxaalessummaa mormuudhaan damee hundaan bu'aan akka galmaa’u taasisaa jiru kan jajjabeeffamudha
Sep 1, 2026 112
Hagayya 25/2018 (ENA): Ummanni naannoo Amaaraa finxaalessummaa fashaleessuudhaan naannichatti damee misoomaa hundaan bu'aan akka galmeeffamu hojiin inni hojjechaa jiru kan galateeffamuuqabudha jedhan Sadarkaa Itti Aanaa Ministira Muummeetti Itti gaafatamaan Qindeessaa Wiirtuu Ijaarsa Sirna Dimokiraasii fi Itti aanaan Pirezidaantii Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah ibsan. Waltajjiin gamaggama raawwii hojiiwwan paartii fi mootummaa bara baajata 2018 fi karoora bara baajata 2019 hogganoota olaanoo fi giddu galeessaa naannoo Amaaraa gaggeeffamaa jira. Waltajjii kanarratti argamuun ergaa kan dabarsan Obbo Adam Faaraah, ummanni Naannoo Amaaraa tokkummaa biyyaatiif, kabaja sirna mootummaatiif fi ijaarsa biyyaatiif aarsaa kaffalaa kan turee fi ammas kaffalaa kan jiru ta'u ibsaniiru. Rakkoon yoo jiraatellee akkaataa seeraatiin akka hiikamu kan gaafatu, kabaja seeraatiif dursa kan kennuu fi birmadummaa biyyaaf uummata dhimmu ta'uu isaa ibsaniiru. Ummanni bara baajata 2018 keessatti finxaaleessummaa mormuusaa ibsuun, humni waraanaa akka akka cimuufi olaantummaan seeraa akka kabajamu gumaacha mataa isaa gumaachaa jiraachuus eeraniiru. Ummanni ijaarsa biyyaatiif ilaalcha gaarii qabuun filannoo haala gaariin geggeessuun bakka bu'aa isaa filachuu isaa kaasaniiru. Naannichi qormaata keessa ta'us misoomni olaanaan jiraachuu ibsuun, naannichi yaada badhaadhinaa haala gaariin hojiirra oolchaa jiraachuus kaasaniiru. Paartiin Badhaadhinaa akka biyyaatti ashaaraa fi seenaan waliinii akka jiraatu hojjechaa jiraachuus ibsaniiru. Seenaa fi ashaaraa waliinii yaaduun hojjechuun yoo danda'ame paartii cimaa, mootummaa cimaa fi biyya cimaa uumuun ni danda'ama jedhaniiru. Hojii seera kabachiisuu naannoo cimaa hojjechuun kan eegamu ta'uu kan dubbatan Obbo Adam, nagaa waaraa naannichaa mirkaneessuuf haala jiru gamaggamuu fi odeeffannoo irratti hundaa'uun hojii seera kabachiisuu hojjechuun barbaachisaa ta'uu ibsaniiru. Mootummaan Federaalaa fi Paartiin Badhaadhinaa dhimma naannichi barbaadu hunda irratti cinaa isaa kan dhaabbatan ta'uus mirkaneessaniiru.
Milkaa'ina karoora baranaatiif hoggansa kutannoo, xiiqiifi ittigaafatamummaan hojjetu murteessaadha- Obbo Tijjaanii Naasir.
Aug 31, 2026 308
Hagayya 25/2018(ENA): Milkaa'ina karoora baranaatiif hoggansa kutannoo, xiiqiifi ittigaafatamummaan hojjetu murteessaa ta’uusaa bulchaan Godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasir ibsan. Bulchaan Godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasir, baatiiwwan lamaan darban keessatti hojiiwwan gama nageenyaan hojjetaman gaarii ta'uu, qindoominni hoggansa sadarkaan jiruu fooyyee ta'uu, hojii tajaajila lammummaa dabalatee hojiiwwan jajjabeeffamu hojjetamuusaa dubbataniiru.   Gama biraatiinis, dandeettiin raawwachiisummaa hoggansaa hoggansatti garaa garummaa qabaachuu, raawwiin seektaroota, aanaaleefi gandoota gidduutti mul’achuu, hojiiwwan hunda walfaana raawwachuu irratti hanqinaaleen kan turan ta'uus himaniiru. Hojii ijaarsaafi siyaasaa cimaadhaan hojiiwwan misoomaaf nageenyaa hogganuu, hojii hunda keessatti qindoomina cimaadhaan raawwachuu, rakkoolee bulchiinsa gaarii addaan baasuun hawaasa mariisisuudhaan hiikaa adeemuun murteessaa ta’uu ibsaniiru. Nageenyaaf dursa kennuun xinxala gaggeessaa qixaan hogganuu, hojiiwwan misoomaa keessatti galiiwwan mootummaa, carraa hojii uumuu, qusannaa hawaasaa, humnoota waloo afran jabeessuu, haaromee aanaalee hunda keessatti xumursiisuu, kabaja ayyaana sabaaf sablammootaa 21ffaa Jimmatti kabajamu milkeessuuf qindoominaan hojjechuun murteessaa ta'uu ibsaniiru. Waltajjii kanaan manneen hojii gabaasa isaanii kan dhiyeessan yemmuu ta'u, mariin erga taasifameen nooda kallattiin hojii fuula duraa kaa'amee jira.   Ittigaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Godina Jimmaa Obbo Dhaabaa Bayyanaa, hojii kamiyyuu milkeessuuf hojmaataan hogganamuun baayyee murteessaa ta'uu himanii, hojmaataafi qajeelfamoota bahan hunda harcaatii tokkoon malee hojiirra oolchuudhaan hojmaataan hogganuun barbaachisaadha jedhaniiru. Manni Maree Bulchiinsa Godina Jimmaa gaggeeffamaa ture kallattii hojii itti aanu kaa'uufi murtoowwan gara garaa dabarsuun xumurameera.  
Kabineen Naannoo Hararii dhimmoota adda addaa irratti mari’achuun murtoo dabarsee jira
Aug 31, 2026 249
Hagayya 25/2018 (ENA): Manni Maree Bulchiinsa Naannoo Hararii (Kabiineen) dhimmoota adda addaa irratti mari’achuun murtoo dabarsee jira. Manni Marii Bulchiinsichaa jalqaba irratti kan mari’ate wixinee caasaa gurmaa’insaa fi fedhii humna namaa Dhaabbata Tajaajila Mootummaa Diijiitaalaa giddugala tokkoo " Masoob’Hararii ‘ ilaalchisee dhiyaate irratti. Wixineen kun tajaajiloota qaamolee mootummaa adda addaan kennaman bakka tokkotti walitti qabuu, gurmeessuu fi dijiitaaleessuudhaan;tajaajilamtoonni deddeebii malee fi baasii hin malleef osoo hin saaxilamin tajaajila dhaqqabamaa, saffisaa, baasii qusatuu fi bu’a qabeessa ta’e kennuun itti quufinsa isaanii dabaluuf kan kaayyeffate ta’uu ibsameera. Manni Marii Bulchiinsichaas caasaa gurmaa’insaa kana irratti bal’inaan mari’achuun sagalee guutuun mirkaneesseera. Itti fufuunis, Kabiineen wixinee fooyya’insa gurmaa’insa Bulchiinsa Magaalaa Harar Koree Kantiibaaf murtoof dhiyaate irratti mari’ateera. Fooyya’insi gurmaa’insaa kunis magaalichi itti gaafatamummaa seeraan kennameef haala gaariin raawwachuu kan dandeessisu gurmaa’insa uumuudhaan, rakkoolee mul’atan furee hojiiwwan bu’aa qabeessa ta’an akka hojjetu raawwachuuf kan dandeessisu ta’uun ibsameera. Kabineen fooyya’insa kana irratti gad-fageenyaan mari’achuun sagalee guutuun mirkaneesseera. Manni Marii Bulchiinsichaa kana malees ajandaawwan biroo irratti marii taasiisuun murtoo dabarsuun isaas ibsameera.
Hulaan Galaanaa Nageenyaafi guddina biyyaatiif murteessaa waan ta’eef furmaata waaraa argachuu qaba— Ambaasaaddar Shifarraa Jaarsoo
Aug 31, 2026 269
Hagayya 25/2018 (ENA) — Gaaffiin Itoophiyaan hulaa galaanaa argachuu fi abbummaa hulaa galaanaa mirkaneeffachuu ishee ilaalchisee dhiheessitu, nageenyaafi guddina biyyaatiif murteessaa waan ta’eef, furmaata saffisaa fi waaraa argachuu qaba jechuun Ministirri Bishaanii duraanii, Ambaasaaddar Shifarraa Jaarsoo ibsan. Ambaasaaddar Shifarraa Jaarsoo ENA waliin turtii taasisaniin akka ibsanitti, Itoophiyaan madda Abbayyaa ta’uu ishee sababeeffachuun, Gibtsiifi diinonni ishee seenaa keessatti turan, Itoophiyaa laaffisuuf daba isaan xaxaniin, Itoophiyaan Galaana Diimaa irraa akka fagaatu taasifameera. Itoophiyaan hulaa galaanaa ishee erga dhabde, gochi haqaa hin qabne kun erga raawwatamee gara waggoota soddomaatti kan siqe ta’uu yaadachiisaniiru. Gibxiin “baandota biyya keessaa” fayyadamuun Eertiraan akka Itoophiyaa irraa addaan baatu gochuu ishee, akkasumas gocha seenaa keessatti gantummaa jedhanii ibsan yaadachiisuun, Ambaasaaddar Shifarraan, kanaanis Itoophiyaan qabeenya uumamaa ishee kan ta’an buufata doonii Asabii fi Mitsiwwaa akka dhabdu taasifamuu ibsaniiru. Gibtsiifi “baandonni biyya keessaa” Itoophiyaan buufatawwan doonii fi hulaa galaanaa addunyaa waliin wal qunnamsiisan akka dhabdu taasisaniiru jedhaniiru. Mootummaan ummata irraa filatamee hin dhufne tokko, biyya addaan qoqqooduun, ragaa gahaa tokko malee Itoophiyaa biyya hulaa galaanaa hin qabne gochuuf aangoo kamiyyuu akka hin qabne yaadachiisaniiru. Kana malees, gareen seeraan ala ABUT, hulaa galaanaa fi buufatawwan doonii Itoophiyaa dabarsanii kennuun, biyyaafi uummata ishee irratti miidhaa seenaa keessatti hin dagatamne raawwachuu isaa dubbatan. Itoophiyaan abbummaa hulaa galaanaa ishee kan seenaa, seeraa, uumamaafi haala teessuma lafaa irraa maddu irraa fagaattee jiraachuu akka hin dandeenye ibsuun, guddinni saffisaa diinagdee yeroo ammaa galmaa’aa jiruufi baay’inni uummata ishees dhimma kana dirqama akka taasisu dubbataniiru. Abbummaan hulaa galaanaa kunis karaa nagaa, qooda kennuu fi qooda fudhachuu, akkasumas seerota idil-addunyaa irratti hundaa’uun deebii argachuu qaba jechuun hubachiisaniiru. Yeroo ammaa kanattis, mootummaan barbaachisummaa Itoophiyaan hulaa galaanaa qabaachuu akka qabdu kan uummata biyyattii keessatti yeroo dheeraaf ukkaamfamee ture, biyyoonni addunyaa akka hubatan taasisuun, hojii dipilomaasii milkaa’aa hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Itoophiyaan Galaana Diimaa irraa fageenya gabaabaa irratti kan argamtu ta’uu ibsuun, gaaffiin kunis seenaa fi qaroomina biyya kanaa durii irraa eegalee hanga seerotaafi haala uumamaa biyyattii jiranitti, bu’uura sababa qabuudha jedhaniiru. Miidhaan Itoophiyaa irratti abbummaa hulaa galaanaa ishee ilaalchisee raawwatame, dhimma sababa qabeessa qofa osoo hin taane, dhimma murteessaa jiraachuu fi nageenya biyyaatiif ta’eera jechuun ibsaniiru. Itti fufuunis, Itoophiyaan laggeen daangaa ce’anii yaa’an isheetiin biyyoota ollaa ishee fayyadamaa taasisaa jirtu; kanaaf, abbummaa hulaa galaanaa ishees deebii argachuu akka qabu, gaaffii dhalootaa irraa dhalatee dhalootatti darbuudha jechuun kaasaniiru.
Abbummaan Hulaa Galaanaa Itiyoophiyaa dhimma seera qabeessaa fi lubbuun jiraachuu fi jiraachuu dhabuu ta’ee tumsa naannawaa fi badhaadhina waloo mirkaneessuu irratti kan xiyyeeffatedha
Aug 28, 2026 542
Hagayya 22/2018 (ENA): Abbummaan Hulaa Galaanaa Itiyoophiyaa dhimma seera qabeessaa fi lubbuun jiraachuu fi jiraachuu dhabuu ta’ee tumsa naannawaa fi badhaadhina waloo mirkaneessuu irratti kan xiyyeeffate ta’uu itti aanaan dura taa’aa koree dhaabbii hariiroo alaa fi dhimma nageenyaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Faatihii Mahiidii (PhD) himani. Hulaa Galaanaa dhimma jiruu fi nageenya Itiyoophiyaa, guddina dinagdee, akkasumas tumsa daldalaa naannoo fi idil-addunyaatiif iddoo guddaa qabudha. Itiyoophiyaan guddina diinagdee fi baay’ina ummataa saffisaa ta’e ilaalcha keessa galchuun, biyyattiin abbummaa seenaa, uumamaa, teessuma lafaa fi seera qabeessa buufata galaanaa irratti qabdu waliin walitti araarsuuf dhimma yeroon kennamuu qabu miti jedhan. Gaaffiin tarsiimoo abbummaa buufata galaanaa kun nageenyaa fi tasgabbii naannawaa tumsa irratti hundaa’e eeguun guddinaa fi badhaadhina waliinii fidu haala mijeessuuf kan kaayyeffate ta’uu ibsaniiru. Akka qorannoo Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti biyyoonni Galaanaan hin marfamne biyyoota buufata galaanaa irraa fayyadamoo ta’an waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu garaagarummaan oomisha waliigalaa biyya keessaa hanga dhibbeentaa 25 akka mudatu eeraniiru. Daldalli Itiyoophiyaa galtee fi al-ergii keessaa dhibbeentaan 95 karaa buufata doonii tokkoon kan gaggeeffamu yoo ta’u, kunis maallaqa biyya alaa pirojektoota misoomaa biroof oolu danda’us kan dhangalaasu ta’uu ibsaniiru. Kunis sirna daldala addunyaa keessatti dorgomtummaa galtee fi al-ergii hir’isuun industirii, invastimantii fi nageenya lammiilee irratti dhiibbaa guddaa geessisaa akka jiru ibsaniiru. Itiyoophiyaan buufata Galaanaa mataashee qabdu turte karaa seeraan alaa dhabde seera idil addunyaan deeffachuu qabdi jedhan. Kanas seerri idl addunyaa kan deeggaru ta’uu ibsaniiru. Konveenshiniin Seera Galaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi seerotni isaa tumaalee fi bu’uuraalee mirga biyyoonni Galaanaan hin marfamne hulaa galaanaa itti fayyadamuu deeggaran akka qaban eeraniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#

Hawaasummaa
Bulchiinsi magaalichaa xiyyeeffannoo addaan waan hojjeteef qabxiin barattootaa fooyya’aa dhufeera-Kantiibaa Adaanech Abeebee
Sep 1, 2026 114
Hagayya 26/2018 (ENA)- Bulchiinsi magaalichaa qulqullina barnootaa mirkaneessuuf xiyyeeffannoo addaan waan hojjeteef qabxiin barattootaa fooyya’aa dhufuusaa Kantiibaa Adaanech Abeebee ibsan. Kantiibaa Adaanech Abeebee mata duree “ifa boruu sammuu har’aa keessatti” jedhuun yaa’ii barnootaa 33ffaa sadarkaa magaalaatti har’a jalqabsiifneerra jedhan. Yaa’ii kana wagga wagga kan gaggeessinu qulqullina barnootaa mirkaneessuuf, qaqqabummaa barnootaa bal’isuuf, adeemsa baruu fi barsiisuu bu’a qabeessa gochuuf,hojiilee ciccimoo sektara Kanaan hojjetaman irraa muuxannoo kan itti fudhannu, kan sirraa’uu qaban adda baasuun waliin taanee furmaata kan barbaannuu fi waliin taanee kallattii kan itti fudhannudha. Bulchiinsi magaalaa keenya qulqullina barnootaa mirkaneessuuf xiyyeeffannoo addaan hojjennee qabxiin barattootaa fooyya’aa dhufeera. Qabxiin barumsaa kutaa 12ffaa magaalaa keenyatti gara dhibbantaa 33tti fooyya’eera. Ammas taanaan qabxii guddaa barbaanna; jabaannee hojjechuu qabna. Brasiisonni, qooda fudhattoonni xiiqiin hojjennee barattoota uumuu danda’an, rakkoo furan,naamusaan guutaman, beekumsaan kan guutaman baay’inaan uumuuf hojjechuu qabna. Akka bulchiinsa magaalaa keenyaatti invastimantii ijoo ta’e barumsaaf oolchina jennee; bajata olaanaa sektara barnootaaf oolchineerra. Bu’urarraa dhalootarratti hojjechuun murteessaa waan ta’eef guddinni sammuu inni ijoon yeroo daa’ima kichuu waan ta’eef yeroo ijoolummaan durarratti hojjechaa jirra. Haala Kanaan bu’urarraa eegallee hojjechaa maneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa akkasumas sadarkaa lammaffaarratti qabxii olaanaa fi dhaloota naamusaan guutame eegna jedhaniiru.
Imalli waloo dhaabbilee Amantaa Nageenya, tokkummaa hawaasummaa fi misooma biyyaatiif gahee murteessaa qaba- Pirezidaanti Taayyee Atsqasillaasee
Sep 1, 2026 64
Hagayya 26/2018 (ENA): Imalli waloo dhaabbilee Amantaa Nageenya, tokkummaa hawaasummaa fi misooma biyyaatiif gahee murteessaa qabaaachuusaa Pirezidaantiin FDRI Taayyee Atsqasillaasee ibsan. Dhaabbileen amantaa Itoophiyaa waggoota 15 darban keessatti tumsa isaanii cimsuun, nageenyaa fi tokkummaa hawaasummaa guddisuun, guddinaa fi misooma biyyaalessaaf gahee murteessaa ba’uusaanii Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee ibsaniiru. Ayyaanni hundeeffama waggaa 15ffaa fi Walgahiin idilee 18ffaan Yaa’ii Dhaabbilee Amantaalee Itoophiyaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.   Pirezidaanti Taayyee Atsqasillaasee walgahicharratti akka jedhanitti, yaa’ichi waltajjii abbootii fi hoggantoota amantaa walitti qabu qofa osoo hin taane, seenaa biyyattii, yaada uummataa fi fedhiiwwan waloo kan itti yaadatamuu fi itti mari’atamuu ta’uu dubbataniiru. Dhaabbileen amantaa barsiisa isaaniin, ayyaana hafuuraa fi tokkummaa akka qabeenyaatti fayyadamuun biyyaaf waliin dhaabbachuu fi waliin mari’achuun duudhaa guddaa dhaloota dhufuuf darbuudha jedhaniiru.   Itoophiyaan biyya yaada, humna, dhiigaa, dafqaa fi kadhannaa dhaloota walitti fufaniin ijaaramtee fi dhaabbileen amantaa waggoota dheeraaf naamusaa fi amala gaarii uummataa bocuun, bu’uuraalee hawaasummaa ciccimoo biyyattii keessaa tokko ta’uu eeraniiru. Dhaabbileen amantaa dhaloota keessumaa daa’immanii fi dargaggoota aadaa fi amala badaa irraa eeguun, dhaloota biyyaaf dhaabbatu ijaaruurratti itti gaafatamummaa olaanaa qabu jedhaniiru. Akkasumas, gochaalee aadaa, safuu, naamusaa fi Itiyoophiyaanotaa faallaa ta’an kanneen akka badii, saamichaa fi gara jabinaa akka hin babal’anne barsiisuu, akeekuu fi sirreessuun hojiiwwan dursaa dhaabbilee amantaa ta’uu akka qabu hubachiisaniiru. Adeemsa marii biyyaalessaa dhiyeenya kana gaggeeffamerratti bakka buutonni dhaabbilee amantaa gahee olaanaa bahuu isaanii kan eeran Pirezidaant Taayyee Atsiqa-Sillaaseen, waliigaltee biyyaalessaa fi nageenya deebisuuf adeemsa taasifame keessattis gaheen dhaabbilee amantaa olaanaa ta’uu ibsaniiru. Mariin biyyaalessaa dhugaa, dhiifamaa fi waliigaltee irratti akka hundaa’u, akkasumas lammiileen Itoophiyaa hundi yaada isaanii bilisaan akka qooddatan taasisuurratti gaheen dhaabbilee amantaa itti fufiinsa qabu murteessaa ta’uu eeraniiru. Kunis nageenya waaraa fi guddina biyyaalessaaf bu’uura cimaa akka uumu ibsaniiru. Mootummaan gahee dhaabbileen amantaa nageenya waaraa, tokkummaa hawaasummaa fi guddina biyyaalessaa waliigalaa keessatti qaban hubachuun, bilisummaa dhaabbilee amantaa eeguu fi hojii isaanii itti fufsiisuuf tumsa, qindoominaa fi deeggarsa barbaachisaa akka taasisu ibsaniiru.
Gumiin dhaabbilee amantaa Itiyoophiyaa aantummaa biyyaa fi ummataaf qabu qabatamaanGumiin dhaabbilee amantaa Itiyoophiyaa aantummaa biyyaa fi ummataaf qabu qabatamaan agarsiisaa jira-Ministira nageenyaa Mahaammad Idriis agarsiisaa jira-Ministira nageenyaa Mahaammad Idriis
Sep 1, 2026 43
Hagayya 26/2018 (ENA)- Gumiin dhaabbilee amantaa Itiyoophiyaa aantummaa biyyaa fi ummataaf qabu qabatamaan agarsiisaa jiraachuu Ministirri nageenyaa Mahaammad Idriisibsan. Ayyaanni hundeeffama waggaa 15 fi yaa’iin walii galaa 18ffaa gumii dhaabbilee amantaa Itiyoophiyaa gaggeeffamaa jira. Ministirri nageenyaa Mahaammad Idriis wayita kana akka jedhanitti, gumiin kun dhaabbilee amantaa miseensotaa qindeessuudhaan walooma cimsuu fi nageenya cimsuuf hojiilee onnachiisaa raawwateera. Carraaqqiin tokkummaa, tumsaa fi michooma ummattoota jidduutti cimsuuf akka biyyaatti eegalame bu’a qabeessa akka ta’u gumichi shoora olaanaa gumaachaa akka jiru eeraniiru. Gumiin kun yeroo hundeeffamerraa eegalee rakkoolee dhaabbilee amantaa miseensotaa waloodhaan furuun waloomaan injifannoo seena qabeessa galmeessisuusaanii eeranii, hojii kanatti boonuu akka qabanis dubbataniiru. Gumiin kun marii biyyaalessaa dabalatee ajandaawwan dhimma ummataarratti shoorri bahate aantummaa biyyaa fi ummataaf qabu qabatamaan kan dhugoomse akka ta’e ibsaniiru. Kun fakkeenya ta’uurra darbee kanneen biroof kaka’umsa kan uumu ta’uu dbbataniiru. Gumiin kun haala ittiin as gahe qorachuudhaan bu’aa caaluuf ciminasaa itti fufsiisuu akka qabu ministirichi eeranii, dhimmoota xiyyeeffannoo barbaadanirratti ammoo hojii waliin hojjetamu cimsee itti fufuu akka qabu hubachiisaniiru. Itiyoophiyaa badhaate dhaloota boruuf dabarsuuf yeroo tumsaa fi tokkummaan dhaabachuudhaan itti hojjetamuu qabu ta’uu ministirichi ibsaniiru. Kanaaf garaagarummaa osoo hin taane dhimmoota waloorratti xiyyeeffachuudhaan eenyummaa nageenya, dhugaa fi haqaaf fakkeenya ta’e gabbisuun akka barbaachisu eeranii, “jechaan olitti naamusaan ummata keenya gaggeessuu qabna” jechuun cimsanii dubbataniiru.
Yaa’iin Marii Itoophiyaan biyya tokkummaa Uummatasheetiin injifattu ta'uu qabatamaan mirkaseesseera
Sep 1, 2026 82
Hagayya 26/2018 (ENA): yaa’iin Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa Itoophiyaan biyya tokkummaa uummatasheetiin injifattu ta'uushee qabatamaan kan mirkaneesse ta'uu hirmaattonni yaa’ichaa ibsan. Yaa’iin kun aadaa marii kan gabbiseera ta'uu fi aadaa siyaasa biyyattii gara boqonnaa haaratti kan ceesise taatee seenaa ta'uusa dubbataniiru. Paartileen siyaasaa marii irratti hirmaachuun ENA waliin turtii taasisan akka eeranitti, adeemsi marii biyyaalessaa hirmaachisaa, ifa fi kan hunda hammate ta'uu ibsaniiru. Itoophiyanonni rakkoo isaanii mataa isaaniitiin hiikuu akka danda’an kan mul’ise ta'uusaas eeraniiru. Kanneen yaada kennan keessaa Obbo Guyyoo Waariyoo akka dubbataniitti; adeemsi marii biyyaalessaa garaagarummaa yaadaa, walitti bu'insaa fi qawweedhaan hiikuuf yaalii taasifamaa ture jijjiiruun aadaa Siyaasaa haaraa kan ijaaredha. Yaa’icharrattis Itoophiyotonni daangaa fi sodaa tokko malee waan biyya isaaniitiif yaada ta’a jedhan bilisaan kan gumaachan ta'uu dubbataniiru. Adeemsichis Itoophiyotonni mari'atanii fi waliigalanii aadaa waliigaltee saanii qabatamaan kan agarsiisan, akkasumas wal irraa kan barataniifi biyya isaanii kan ga’oomsanidha jedhaniiru. Adeemsa marii kana keessatti diinonni Itoophiyaa alaafi keessaa fi ergamtonni isaanii miidiyaa hawaasaatiin duula taasisaniin adeemsicha gufachiisuuf yaalanis, injifannoo Itoophiyaanotaatiin milkaa'inaan raawwatamuu dubbataniiru. Hirmaataa biraan Obbo Gabruu Barihee gama isaaniitiin; adeemsi marii biyyaalessaa biyya-mootummaa cimaa ijaaruuf Itoophiyaanonni dhimma waloorratti akka walitti qabaman kan taasisedha jedhaniiru. Hirmaattotni kutaalee adda addaa irraa dhufan kuma afur ta'an bakka tokkotti walitti qabamuun dhimma biyyaalessaa irratti mari'achuun isaanii milkaa'ina guddaadha jedhaniiru. Waltajjin marii kun "Itoophiyaa Xiqqoo" ta'ee kan ibsamuu danda'uufi sab-daneessummaa biyyattii tokkummaan kan agarsiisedha jechuunis ibsaniiru. Hirmaattonnis dhibbaa tokko malee fi fedhii guutuudhaan yaada marii dhiyeessuu danda'uu isaanii dubbataniiru. Yaa’iin kun Itoophiyaan marii fi tokkummaa uummatasheetiin biyya injifattu ta'uu qabatamaan kan mirkaneesse ta'uu ibsaniiru. Hirmaataa biraan Mahammad Boruu gama isaaniitiin; yaa’iin Marii Biyyaalessaa Itoophiyaanoota hunda kan hirmaachise fi yaada isaanii bilisaan akka dhiyeessan kan taasisise ta'uu eeruun; "Itoophiyaan injifatteetti" injifannoo guddaa sheeti jedhaniiru. Adeemsi hirmaannaa fi marii waliinii kun biyyattii gara sadarkaa fooyya'aatti kan ceesisuu fi bu'uura tokkummaashee kan cimsudha jedhaniiru. Kutaan hawaasaa hundi adeemsa kana keessatti hirmaannaa fi yaada waliinii kaasuu isaaniitiin adeemsi marii kun bu'a qabeessa ta'uu fi injifannoo Itoophiyaa kan mirkaneesse ta'uu ibsaniiru. Gumiin kun Itoophiyaanonni gidduuseentummaa qaama sadaffaa malee dhimma waliinii irratti akka mari'atan gochuu keessatti shoora gaarii taphachuus eeraniiru. Itoophiyotonni tokkummaan yoo mari'atanii fi dubbatan rakkoo hin hiikamne akka hin jirre yaa’iin Marii Biyyaalessaa qabatamaan mirkaneesseera jedhaniiru.
Diinagdee
Akkaataan Gibxi bishaan itti fayyadamtuu fi kunuunsitu qisaasa guddaaf kan saaxilamedha-Obbo Faq Ahimad Nagaash
Sep 1, 2026 89
Hagayya 26/2018 (ENA)- Akkaataan Gibxi bishaan itti fayyadamtuu fi kunuunsitu qisaasa guddaaf kan saaxilame ta’uusaa miseensi garee marii gam-sadee hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddichaa duraanii Obbo Faq Ahimad Nagaash ibsan. Obbo Faq Ahimad Nagaash ministeera bishaanii fi inarjiitti dura taa’aa garee bishaan daangaa darbanii fi gorsaa hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddichaa (GERD), akkasumas daarektara olaanaa waajjira koree teekiniikaa baha Naayil ardichaa ta’uun tajaajila jiru. Qorataan qabeenya bishaanii kun turtii ENA waliin taasisaniin, gaarrenii fi sululoonni gadi fagoo Itiyoophiyaa bishaan kuusuuf mijataa ta’uu ibsaniiru. Bakkeewwan qabbanaa’aa kanatti bishaan kuusuun biyyoota yaa’a Abbayyaa keessatti argamaniif akka fayyadu dubbataniiru. Haala kana Gibxitti kan argamuu fi naannawa gammoojjiitti ijaaramuusaatiin urki bishaanii olaanaan kan irraa mul’atu hidha Aswaan waliin wal bira qabuun dhiheessaniiru. Waggaa tokko qofaatti hidha Aswaan irraa bishaan kuubiik meetirii biiliyoona 15 amma 16 hurkaan bahee akka qisaasamu kaasaniiru. Itiyoophiyaatti bishaan bakka gadi fagoo, sulula dhiphaa fi bakka haalli qilleensaa mijataan jirutti kuusuun hurka hir’isuuf akka gargaaru dubbataniiru. Bakki bishaan itti kuufamu Itiyoophiyaa waan ta’eef bishaan sababa ho’aatiin qisaasamuu danda’u hedduu baraaruun olitti baay’ina bishaanii gara biyyoota yaa’a Abbayyaa gara gadiitti gadhiifamu amansiisaa fi tasgabbaa’aa akka ta’u taasisa jechuun ibsaniiru. Akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 2005 balaan lolaa guddaan Gibxitti wayita mudatetti maandisoonni biyyattii toora ‘Weestarni spiilweey’ jedhamu banuudhaan bishaan kuubiik meetirii biiliyoona hedduu ta’u gara sulula tushkaatti kallattii akka jijjiiru gochuusaanii dubbataniiru. Kun ammoo dandeettiin Itiyoophiyaan bishaan kuusuuf qabdu guddaa dabaluunsaa qisaasama bishaanii yaa’a Abbayyaa irra jiru hir’isuu fi bu’uraaleen misoomaa biyyoota yaa’a Abbayyaa gara gadii balaa lolaaf akka hin saaxilamne ittisuun akka danda’amu agarsiifuudha jedhaniiru. Walumaa gala bishaan sululoota gaarren Itiyoophiyaatti kuufamu dabaluunsaa bishaan wagga waggaan Gibxii fi Sudaanitti qisaasamu hir’isuuf akka gargaaru dubbataniiru. Bishaan Itiyoophiyaatti kuufamu faayidaandaa bishaan kunuunsuuf qofa akka hin taane qorataan bishaanii kun ibsaniiru. Bu’uraaleen misoomaa hayidiroo elektiriikii Itiyoophiyaa fedhii biyya keessaarra darbuun biyyoonni yaa’a abbayyaa gara gadii anniisaa elektiriikii qulqulluu gatii madaalawaan akka argataniif carraa ni uuma jedhaniiru. Tumsi inarjii akka kanaa timsa dinagdee biyyoota yaa’a Naayil jidduu jiruuf humna dabalataa akka ta’es kaasaniiru.
Shaggar Magaala Qonnaan Bulaa wajjin guddachuuf karoorfattee hojjechaa jirtudha - Dr.Tashoomaa Addunyaa
Sep 1, 2026 67
Hagayya 26/2018 (ENA): Shaggar Magaala Qonnaan Bulaa wajjin guddachuuf karoorfattee hojjechaa jirtu ta’uushee kantiibaan bulchiinsa Magaalaa Shaggar Dr.Tashoomaa Addunyaa ibsan. Kabajni guyyaa Qonnaan bultootaa Magaalaa Shaggar kutaa Magaalaa Sulultaatti mata-duree "Qonnaan bulaa ammayyaa'eefi Qonna ammayyaa Badhaadhina hunda-galeessaaf" jedhuun kabajamaa jira. Sagantichi bakka sadarkaa itti Aanaa Pirezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Dr. Tashoomaa Addunyaa, Hogganaa Biiroo misooma Magaalaafi manneen Oromiyaa Obbo Mahaammad Guyyee dabalatee hoggantoonniifi keessummootni garagaraa argamanitti eegalameera. Shaggar Magaalaa haaraa jiruufi jireenya hawaasaa fooyyessuuf hojjechaa jirtu ta'uu kan himan sadarkaa itti Aanaa Pirezdaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti kantiibaa Magaalaa Shaggar Dr. Tashoomaa Addunyaa sagantaan kunis bu'aa qabeessummaa qonnaan bultootaa mirkaneessuuf kan kaayyeffate ta'uu ibsaniiru. Bu'aa qabeessummaa qonnaan bultootaa mirkaneessuuf hundeeffama irraa eegalee leenjiiwwan ogummaa kennuun cinatti dhiyeessii qonnaa akkasumas giddugaloota gabaa Oomishaaleen Qonnaa irratti dhiyaatan babal'isuun kan danda'ame ta'uus himaniiru. Hogganaa Biiroo misooma Magaalaafi manneen Oromiyaa saganticha irratti argamuun; Shaggar turtii waggoottan muraasa keessatti milkaa'inoota gurguddoo galmeessaa jiraachuushee ibsaniiru. Hundeeffama Magaalaa Shaggariin booda hojii hojjetameen buqqaatiifi miidhama qonnaan bultootaa hambisuun ce’umsa Qonnaan bultoonni gara Investimantiitti taasisan caalmaatti cimsuun kan danda'ame ta'uus himaniiru. Sadarkaa itti Aanaa kantiibaatti qindeessaa kilaastera Qonnaafi misoomaa Magaalaa Shaggar Obbo Girmaa Hayiluu Shaggar Magaalaa ammayyooftuu bu'aa yaadama ida'amuutiin Qonnaan bultoota hammachuun ijaaramte ta'uushee ibsuun, kanaanis hojii waggoottan darbanitti hojjetameen cabinsa siyaasaa, hawaasummaafi dinagdee qolachuun kan danda'amuu dubbataniiru. Shira bulchiinsa sirna siyaasaa amma dura tureen cabinsa hawaas-dinagdee hambisuun hirmaannaa Qonnaan bultootni ce’umsa dinagdee biyyaa keessatti qaban dhugoomsaa jiraachuu kan himan, kaayyoon sagantaa kanaas riifoormii dinagdee biyyaa keessatti qonnaan bultoota jajjabeessuuf ta'uus himaniiru. Sagantaa kana irrattis agarsiini Baazaariifi Egzibiishinii oomishaalee bu'aa Qonnaa gaggeeffameera.
Qonnaan Bultoonni Midhaan Waqtii Gannaa Misoomsan kunuunsaa jiru
Sep 1, 2026 86
Hagayya 26/2018 (ENA):Godina Shawaa Lixaa Aanaa Tokkee kuttaayeetti Qonnaan bultoonni midhaan waqtii gannaa misoomsaa jiran irraa oomisha gaarii argachuuf kunuunsa barbaachisaa taasisaa jiraachuu isaanii ibsan. Qonnaan bultoonni ENA’f yaada kennaan akka jedhanitti, midhaan adda addaa kilaateraan misoomsan qindoominaan kunuunsa jiraachuusaanii ibsaniiru. Qonnaan bultoota Aanaa Tokkee Kuttaayee keessaa tokko kan ta’an Qonnaan Bulaa Geetuu Dabaree qonnaan bultoota biroo wajjin ta’uun midhaan qamadii waliin misoomsan irraa oomisha guddaa argachuuf abdii guddaa qabaachuu isaanii dubbataniiru. Ogeeyyii Qonnaa Aanaa irraa deeggarsa ogummaa argataniin gargaaramuun qonnaan bultoota biroo wajjin qindoominaan midhaan sana kunuunsaa jiraachuu ibsaniiru. Aanichatti Aadde Biraanee Baqqalaa gamasaaniin qonnaan bulaan biraas waliin ta’uun hojii kunuunsa midhaanii irratti bobba’anii hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Waajjira Qonnaa Aanaa irraa dhiheessii galtee qonnaa barbaachisaa ta’e yeroon waan aragataniif lafa isaanii irra deddeebi’uun qotuun waan facaasaniif, oomishni hamma ammaatti jiru haala gaarii irratti akka argamu dubbataniiru. Dursaa Garee Misoomaa fi Eegumsa Midhaanii Waajjira Qonnaa Aanaa Tokkee Kuttaayee Obbo Abdiisaa Hirphasaa gamisaaniitiin, bara oomishaa 2018/2019tti aanichatti waliigala lafa heektaara kuma 34 fi 598 sanyii midhaan garagaraatiin facaafamuusaa dibsaniiru. Bara oomishaa kana keessatti oomisha fooyya’aa argachuuf qonnaan bultoota aanichaatiif sanyii filatamaa, xaa'oo fi dhiheessii galteewwan qonnaa biroo dhaqqabamaa gochuus dubbataniiru.  
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Ejensiin Geejjiba Oromiyaa leenjii ORO-Tikeetii irratti caasaa isaaf kenne
Sep 1, 2026 110
Hagayya 25/2018 (ENA) : Ejensiin Geejjiba Oromiyaa leenjii ORO-Tikeetii irratti caasaa isaa sadarkaan jiraniifi Waldaalee Geejjiba deddeebisa uummataaf kenneera. Itti Aanaa Hogganaa fi Itti Gaafatamaan Damee Mirkaneessa dhiyeessaa fi bobbii geejjibaa Obbo Dirribaa Magarsaa waltajjii kana irratti ORO- Tikeetiin konkolaataa sirnaan hogganuun tajaajilaa Geejjiba Naannicha ammayyeessuufi shoora olaanaa akka qabu kaasaniiru. Akkasumas Itti Aanaa Hogganaa fi Itti Gaafatamaan Damee Mirkaneessa Nageenya Tiraafikaa Obbo Lachiisaa Hayyuu waltajjii kana irratti yaada kanneen leenjii kana fudhattanii imaanaa mootummaa fi ummanni isaanitti kenne harcaatii tokko malee akka hojiirra oolchan dhaamaniiru. Obbo Lachiisaan tajaajila geejjibaa ammayyeessuun dhimma filannoo hin qabne ta'uu kaasuun ORO-Tikeetii hojiirra oolchuun to'annoo daandii fi buufata qulqullina qabu gaggeessuu, komii hawaasaa xiqqeessuu, Balaa Tiraafikaa hir'isuufi kan gargaaru ta'uu dubbataniiru. Hogganaan Ejensii Geejjiba Oromiyaa Obbo Kamaal Maammee Kallattii hojii kennaniin akka ibsanitti, Dameen geejjibaa seektara yeroo yeroon tajaajilli isaa ammaayyaa'aa deemu ta'uu dubbataniiru. Teekinoloojiin ORO-Tikeetii cabinsa sirna Tajaajila geejjibaa komii hawaasaaf sababa ta'e maqsuufi akka gahee qabu himaniiru. Hawaasni keenya tajaajila geejjibaa isaa malu akka argatu beekumsaan hoogganuun dirqama akka ta'e kaasaniiru. ORO-Tikeetiin seeran Alummaa Bobbii Geejjibaa wal qabatee mudatu hundeerraa jijjiiruufi shoora akka qabu kaasuun, qaamolee itti gaafatamummaa itti kenname sirnaan hin raawwanne irratti tarkaanfii Seeraa fi bulchiinssaa barsiisaa ta'e kan fudhatamaa jiruu fi kan fudhatamu ta'uu dubbataniiru. Xumura irratti Leenjii fudhatan kana Caasalee Geejjiba Sadarkaan jiranuuf akka kennanuu fi hojiirras akka oolchan cimsaanii dhaamanii jiru. kanamales Leenjiin kennamu,Teeknolojiin hojiirra oolfamu kamuu Tajaajila Geejjibaa Hawaasa keenya kennamuuf galmi isaa komii hawaasa keenya hir'isuu fi itti quufinsa tajaajila geejjibaa kennamu sirnaan mirkaneessuu akka ta'e keesumattuu Darbaa fe'uu,Taarifaa olkafalchiisuu fi alseerummaa Geejjiba keessatti mul'atan kamuu maqsuu akka ta'e hubachiisuun galma kana qabatanii akka hojiirra oolchan cimsanii dhaamaniiru.
Hojmaata badaa fi al-seerummaa damee geejjibaarratti mul’atu dhabamsiisuuf hojjetamaa jira-Ejensicha
Aug 29, 2026 348
Hagayya 23/2018(ENA)- Hojmaata badaa fi al-seerummaa damee geejjibaarratti mul’atu ittisuuf tajaajilli kennamu teeknooloojiin akka gaggeeffamu taasifamuusaa ejensiin geejjibaa Oromiyaa beeksise. Ejensiin geejjibaa Oromiyaa “Oro Tikkeet” dabalatee appilikeeshinii teeknooloojii hojjete saddet irratti kan xiyyeeffate waltajjiin marii fi gabbisa dandeettii magaalaa Adaamaa galma abbaa Gadaatti gaggeeffamaa jira. Tajaajila geejjibaa si’ataa, qaqqabamaa fi nageenyisaa kan mirkanaa’e gochuuf teeknooloojii hojjechuu fi fayyadamasaa irratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhan waltajjicharratti kan argaman hogganaan ejensii geejjiba Oromiyaa obbo Kamaal Maammee. Rakkoo bulchiinsa gaarii fi hojmaata badaa damee kanarratti mul’atan dhabamsiisuuf ga’umsaa fi naamusa konkolaachiftootaa guddisuun bobba’insi geejjibaa qulqullina qabu akka jiraatu taasifamaa akka jiru dubbataniiru. Riifoormii hojjetamu bu’a qabeessa gochuuf hojmaataa fi itti fayyadama teeknooloojii mirkaneessuun hojii adda duree ta’uu eeraniiru. Ejensichi hojmaata tikkeetii dijitaalaa “Oro Tikkeet” jedhamu hojiirra oolchuurra darbee bobba’insa buufataalee konkolaataa geejjiba ummataa naannichaa keessa jiru waajjira teeknolojiin hordofuudhaan muummeerraa kallattiidhaan hordofuun tarkaanfiin fudhatamaa jira jedhaniiru. Kana malees teeknooloojiiwwan saffisa daangessanii fi raadaariitti gargaaramuun hojmaanni to’annoo nageenya tiraafikaa ammayyeeffamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshiniin ejensichi hojjete saddet bobba’insa geejjibaa fi kenniinsa tajaajilaa waraqaarraa adda baasuuf kan akeekame ta’uu ibsaniiru. Haala Kanaan ka’umsaa fi ga’umsa konkolaataa kallattiin hordofuun al-seerummaa hir’isuun akka danda’ame eeraniiru. Kaayyoon ijoo waltajjii kanaa raawwachiiftota sektara geejjibaa sadarkaan jiraniif itti fayyadama teeknooloojii kanarratti beekumsaa fi ogummaa gahaa uumuu ta’uun eerameera. Itti gaafatamaan dhiheessii geejjibaa fi babbii ejensichaa obbo Dirribaa Magarsaa gamasaaniin, bobbii geejjiba ummataa guyya guyyaa teeknooloojiin gaggeessuun milkaa’ina riifoormii sektarichaaf murteessaa ta’uu dubbataniiru. Abbootiin konkolaataa tajaajila deddeebisa ummataa irratti hojjetanii fi waldaaleen appilikeeshinii kanarratti galmaa’uudhaan tajaajila kennuu akka qaban eeraniiru. Buufata konkilaataan ala fe’uun, taarifaan olitti kaffalchiisuunii fi lakkoofsaan ol fe’uun guddaa akka nama gaafachiisu hubachiisaniiru. Hoggantoonnii fi to’attoonni sektara geejjibaa godinaalee, magaalotaa fi aanaarra jiran itti fayyadama teeknooloojiirratti ogummaa fi hubannaa argatanii bu’a qabeessummaa jijjiirama kanaaf tumsaan akka hojjetan dhaamaniiru.
Teeknooloojiiwwan qonnaa hojiirra oolanii fi dhiheessiin sanyii filatamaa bu’a qabeessummaa qonnaan bulaa dabalaa jiru
Aug 29, 2026 150
Hagayya 23/2018 (ENA): Teeknooloojiiwwan qonnaa hojiirra oolanii fi dhiheessiin sanyii filatamaa oomishaa fi oomishtumma bu’a qabeessummaa qonnaan bulaa dabalaa jiraachuuhayyoonni ibsan. Mootummaan wabii nyaataa qonnaan bulaa mirkaneessuu fi fayyadama dinagdee guddisuuf qonna ammayyeessuurra darbee muuxannoo waqtii eeganii oomishuu jalaa bahuuf misooma qamadii jallisii Bonee hojiirra oolcheera. Kun ammoo oomishaa fi oomishtummaa qonnaan bulaa guddisuun hirkattummaa hambisuurra darbee Qamadii biyya alaatti erguuf gumaacha olaanaa gochaa jira. ENA’n hojiirra oolmaa fi bu’a qabeessummaa karoora misooma qonnaa mootummaa ilaalchisuun ogeessotaa fi qorattoota damichaa waliin turtii taasiseera. Ogeeyyota damichaa ibsa ogummaa taasisan keessaa qindeessaa sagantaa qorannoo qamadii biyyaalessaa fi qorataan wiirtuu qorannoo Bishooftuu Dr. Nagaash Galataa akka jedhanitti, hojiirra oolmaan misooma qonnaa teeknooloojiiwwan qonnaa fayyadamuu fi yeroo eeganii oomishuu jalaa bahuuf kan gargaarudha. Bishaan lafa jalaa fi lafa gubbaa faayidaaf oolchuudhaan qonnaan bulaan rooba eeguu jalaa bahee misooma jallisii bal’inaan fayyadamuudhaan oomishtummaa fi fayyadamummaa guddifachaa dhufuusaa dubbataniiru. Misoomni qonnaa bu’a qabeessa akka ta’u waggoottan darban xaa’ummaa lafaa guddisuu fi jiidhatti gargaaramee misoomsuuf hojiin hojjetame milkaa’uusaa dubbataniiru. Naannichatti sanyii filatamaa gargaaramuun alatti qonna kilaastaraa babal’isuun oomishtummaa qonnaa guddisuusaa kan ibsan ammoo intarpiraayizii sanyii filatamaa Itiyoophiyaatti ogeessa olaanaa agiroonoomii damee Baalee obbo Dassaalanyi Dajaneeti. Kanaafis, intarpiraayiziichi sanyiiwwan filatamoo qamadii, garbuu fi baaqelaa qonnaan bulaaf dhiyeessuu bira darbee, sirna kilaastaraa fi kunuunsa midhaanii irratti deeggarsa ogummaa taasisaa jiraachuu isaanii ibsaniiru. Dhiyeessii sanyii filatamaa kanaan midhaan dhukkubaa fi hongee dandamatu qonnaan bulaaf dhiyeessuun, dandeettii dinagdee isaanii guddisuuf gahee isaanii bahaa jiraachuu himaniiru. Keessattuu, misooma qamadii bonaa jallisii irratti dhiyeessiin sanyii filatamaa gahaa fi qaqqabamaa akka ta’u gochuun, bu’a qabeessummaa isaa guddisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Yuunivarsiitii Madda Walaabuu keessatti qindeessaa olaanaan piroojeektii qorannoo qamadii fi qorataa kan ta’an Gargaaraa Piroofeesaraa Jamaal Abdulkariim, gama isaaniitiin akka ibsanitti, yuunivarsiitichi misooma qamadii jallisii guddisuuf qonnaan bultoota leenjii fi galteewwan qonnaatiin deeggaramaa jira. Keessattuu, qonnaan bultoonni godinaalee Baalee, Baalee Bahaa fi Arsii Lixaa keessa jiran misooma qamadii Bonaa jallisii irratti beekumsa itti fayyadama teeknooloojiiwwan qonnaa akka argatan leenjii kennamaa jiraachuu ibsaniiru. Teeknooloojiiwwan qonnaa fi dhiyeessii sanyiiwwan filatamoo qaqqabamaa taasisuun, bu’a qabeessummaa qonnaan bulaa guddisuuf hojiiwwan hojjetaman oomishtummaa dabaluudhaan qonnaan bultoota fayyadamaa taasisaa jiraachuu beeksisaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#
Ispoortii
Arjantiinaaf waanan danda’e hunda gumaacheera  amma yeroon garee biyyaalessaa irraa adda ba'uudha— Liiyoonel Meesii
Sep 1, 2026 102
Hagayya 25, 2018 (ENA): Taphataan kubbaa miilaa Arjantiinaa, Waggaa 39 Liiyoonel Meesii, garee biyyaalessaa isaa waliin kana booda akka hin taphannee fi garee biyyaalessaa irraa adda of baasuuf murteessuu isaa ifatti beeksise. Liiyoonel Meesii ergaa fuula miidiyaa hawaasaa Inistaagiraamii isaa irratti barreesseen, “Erga tapha xumuraa Waancaa Addunyaa sanaa booda wantoota hunda gadi fageenyaan ergan yaadee booda, garee biyyaalessaa irraa adda bahuu koo hundaaf beeksisuun barbaada” jedhe. Murtoon kun garaa isaa kan madeessuufi baay’ee kan isa miidhu ta’uu ibsuun, “Yeroon ani garee biyyaalessaa irraa adda bahuu murteessu amma ga’eera” jedhe. ''Maaliyaa Arjantiinaa uffadhee waanan danda’e hunda godheera. Isin Arjantiinaa ta’uu keessaniin akka boontan gochuufis waanan qabu hunda kenneera,” jechuun ibse. Meesiin yeroo inni garee biyyaalessaa keessatti dabarse hundi yeroo hunda qalbii isaa keessa akka jiraatu ibsee, amma immoo taphattoonni haaraan fi dargaggoonni carraa argachuu akka qaban dubbate. Barreeffama isaa kana tapha xumuraa Waancaa Addunyaa irratti hirmaatee guyyoota lama booda akka barreesse ibsameera. Akkasumas, yeroo rakkisaa keessa jiru kanatti, erga abbaan isaa du’an addunyaa kanarraa boqotanii booda, murtoo kana dabarsuuf haalli keessa jiru dhiibbaa keessa akka isa galche ibsameera. Liiyoonel Meesii waggoota 20 darban keessatti ummanni Arjantiinaa jaalala isaaf agarsiisaa tureef galata galcheera. Akkasumas, yeroo gaarii fi yeroo hamaa keessatti garee biyyaalessaa isaa cinaa akka dhaabbatu ibseera. Murtoon Liiyoonel Meesii kun miidiyaalee addunyaa biratti dhimma marii guddaa ta’eera. Liiyoonel Meesii bara 2005 irraa hanga 2026tti uffata garee biyyaalessaa Arjantiinaa uffatee taphoota 207 irratti hirmaachuun, goolii 125 galcheera. Kanaanis seenaa garee biyyaalessaa Arjantiinaa keessatti nama goolii hedduu galche ta’eera. Dorgommii Waancaa Addunyaa yeroo dhiyoo kana gaggeeffamerratti goolii 8 galcheera. Walumaagalatti, Meesiin Waancaa Addunyaa irratti goolii 22 galcheera. Kanaanis taphataa Faransaay Kiliyaan Mibaappee, kan goolii 23 qabu, hordofee tarree taphattoota goolii hedduu galmeessan keessaa sadarkaa olaanaa irra jira. Liiyoonel Meesii seenaa isaa keessatti waancaawwan 46 mo’achuun, seenaa kubbaa miilaa keessatti taphattoota waancaawwan hedduu mo’atan keessaa tokko ta’eera. Meesiin garee biyyaalessaa Arjantiinaa waliin waancaawwan garaagaraas mo’ateera. Isaan keessaa Waancaa Addunyaa, Kooppaa Ameeriikaa yeroo lama fi waancaawwan biroo ni argamu. Yeroo ammaa Liiyoonel Meesiin kilabii Ameerikaa Intar Miiyaamii keessatti taphachaa jira.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Misooma koriidaraa fayyadamummaa Lammiilee mirkaneessaa jiru
Aug 25, 2026 418
Magaalaa fi baadiyyaatti magaalota ammayyaa jireenya dhala namaaf mijataa ta’an, addunyaa yeroo ammaa madaalaan ijaaraa jirra jedhani Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad gaafa Misooma koriidaraa jalqabsiisan. Jireenya lammiilee jijjiiruuf misoomni Koriidarii daraan murteessaa ta’uu himanii gara hojiitti gaafa galamu hawaasni tokko tokko misooma kanarratti shakkii akka qabu eeruun,garuu erga misoomni koriidaraa jalqabamee naannoon miidhagaa taatee immoo hawaasni naannookeenyahoo misoomni koriidaraa maaf hanqate jechuun yeroon itti gaafatan dhiyoodha akkuma jedhanii ture uummanni misoomni koriidaraa naannoo isaa ykn magaalaa isaa hin geenye akka gahu gaafachaa jira. Kunis miidhagina magaalattii ykn baadiyichaa bakki misooma koriidaraa qaqqabe fayyadamummaa hawaasaa hedduutu hojiirra oola waan ta’eef lammiileen kanaan dura misooma kana irraa amantaa guutuu hin qabnellee itti amanee naannoo ofii miidhagfachuuf kutannoon ka’uu agarsiisaniiru. Misoomni koriidaraa jiruufi jireenya hawaasaa fooyyessuuf akka hojjetamus ibsameera. Kaayyoo Misooma Koriidaraa • Bu'uuraalee misoomaa ammayyeessuu • Bifaa fi miidhagina magaalotaa fi baadiyaa jijjiiruun hawwata turistii ta’uu • Tajaajila hawaasaa fooyyessuu • Dhiphina Tiraafikaa hir’isuun lubbuu lammiilee balaa Tiraafikaan gahuufi qabeenya barbadaa’u salphisuu danda’eera Seenaa hundeeffama Magaalota biyya keenyaa keessatti magaalonnii amala magaalaa ammayyaatiin kan hundeeffaman osoo hin taane akkuma barbaadametti ijaarsa gamoofi daangaa babal'ifannaa lafaa qofaaf kan hundeeffamaniifi qonnaan bulaa lafa isaa irraa buqqisuun magaalaa keessaa qarqaratti baasuun kan hunda'anidha. Magaalummaan Gamoo ijaaruufi babal'ifannaa lafaatiin osoo hin taane, fayyadamummaa hawaasa naannichaa mirkaneessuun aadaa, duudhaafi safuu uummatichaa qabatee guddachuu barbaachisa. Magaalaan jireenyaaf mijataadha, hawwataadha kan jedhamu magariisummaa, miidhagummaafi fedhii dhala namaa giddugaleessa godhateefi giddu gala saayinsiif teknoloojii, kalaqaa ta'uun roga hundaan yoo guddatedha. Addunyaa irratti magaalonni ammayyaa ta'an aadaa, duudhaafi safuu uummatichaa osoo hin gatiin guddina saayinsiifi teknoloojiin deeggaramuun kan guddatanidha. Magaalaan magaalonni biyya keenyaas yaadamaa magaalummaa hawaasa giddugala godhachuun kan ijaaramaa jiranidha. Kanaan dura magaalonni kunniin pilaaniin waan hin deeggaramneef amma immoo misooma koriidaraan magaalota ammayyeessuun kan jalqabame bubbuleera. Magaalaa ammayyaa’aa fi giddugala misooma hunda-galeessaa taasisuun guddina dinagdee, hawaasumma, siyaasaa fi aadaa uummatichaa utubuu keessatti hojiin misoomaa koriidarii murteessaadha. Misoomni Koriidarii haala guddina dinagdee fi qulqullina misoomaa Magaalaa biyya keenya madaaluun kaka’umsa ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin kan jalqabame yeroo ammaa bu’aa olaanaa fi jaalatamummaa guddaa argachaa jira. Hojiin Misooma Koriidarii misoomaa ammayyaa, hawwataa fi dorgomaa ta’e magaalichaatti diriirsuun ummata Magaalichaa bu’uuraalee misoomaan walitti hidhuun guddinaafi fayyadamummaa waloo mirkaneessuu, lammiileef carraa hojii uumuun ce’umsa beekumsaa fi teeknolojii magaalichaa keessatti kan fidudha. Magaalonni biyya keenyaa sadarkaa idil addunyaa isaanii eeggatanii akka ijaaramaniif misoomni koriidaraa shoora olaanaa bahachaa jira. Misoomni koriidaraa ka’umsa isaa magaalaa Finfinnee kan taasifate yoo ta’u, yeroo ammaa magaalaa fi maadiyaa kutaalee adda addaa qaqqabaa jira. Lammiileen misoomni koriidaraa isaan qaqqabes gammachuu isaanii ibsachaa warreen hafanis akka argatan hawwuufii jalqabani, fayyadamummaa isaa waan hubataniif. Magaalota naannoo Oromiyaa fi naannoolee biroottis misoomni koriidaraa hojjetame abdii guddaa biyyaaf ta’aa jiraachuu agarsiiftuuwwan hedduutu jiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Naannoo Oromiyaatti hojiileen Ashaaraa Magariisaa fi Eegumsa qabeenya Uumamaaf taasifamaa jiru Jijjiirama Qilleensaa Ittisuuf Tattaaffii Addunyaalessaa Deeggaraa jira
Aug 23, 2026 498
Hagayya 17/ 2018 (ENA) : Dhaabbanni Bosonaa fi Bineensota Bosonaa Naannoo Oromiyaa hojiiwwan Ashaaraa Magariisaa fi kunuunsa uumamaa naannoo Oromiyaa keessatti gaggeeffamaa jiran tattaaffii addunyaan jijjiirama qilleensaa ittisuuf taasisaa jirtu kan deegaru ta’uu beeksise. Naannichi daldala kaarboonii babal’isuun jijjiirama qilleensaa qolachuuf tattaaffii addunyaa taasifamaa jiru keessatti gumaacha olaanaa taasisaa akka jirus ibseera. Akka obbo Araarsaa Raggaasaa, hojii gaggeessaa Waliigalaa Dhaabbata Bosonaa fi Bineensota Bosonaa Naannoo Oromiyaa jedhanitti, naannichi jijjiirama qilleensaa ittisuuf tattaaffii addunyaa irratti taasifamaa jiru keessatti gahee olaanaa taphachaa jira.   Keessattuu, gadi lakkifamuu kaarboon daayi’oksaayidii hir’isuu fi uwwisa bosona guddisuuf hojiiwwan hedduun hojjetamaa akka jiran akeekaniiru. Biqiltoonni Sagantaa Ashaaraa Magariisaa jalatti dhaabaman irra caalaan isaanii milkaa’inaan gara bosonaatti jijjiiramuun haala qilleensa naannoo eeguu fi gadi lakkifamuu kaarboonii hir’isuuf gumaacha olaanaa taasisuu isaanii ibsaniiru. Hojii kunuunsa qabeenya uumamaa irraa sirna fayyadamummaa itti fufiinsa qabu qopheessuun hawaasni bu’aa jijjiirama qilleensaa dandamachuuf dandeettii qabu cimsee itti fufa jedhaniiru. Akka qorannoo saayinsiitiin lafti bosonaa heektaarri tokko kaarboon daayi’oksaayidii toonii 10 hanga 20 kuusuu fi xuuxuuf dandeettii olaanaa akka qabu ibsaniiru. Misoomni bosonaa naannichi gaggeeffamaa jiru tattaaffii gadi lakkifamuu kaarboonii addunyaa irratti taasifamu keessatti gumaacha olaanaa akka qabu kun ragaa ta’uu ibsaniiru.   Obbo Araarsaan adeemsa seenaa Itoophiyaan gabaa kaarboonii irraa galii argachuu eegalte ibsuun, Gurgurtaan kaarboonii bosonaa jalqabaa bara 2012 Bosona Baaleetti akka eegale yaadachiisaniiru. Obbo Araarsaan itti dabaluudhaan, Bara 2012 hanga 2019 gidduutti kaarboonii meetiriik toonii miiliyoona 9 gurguramee gara birrii biiliyoona walakkaatti dhiyaatu galii argamsiiseera jedhani. Galiin gurgurtaa kanarraa argamu bosona eegsisuufi hojiiwwan misooma bosonaa dabalataaf, fayyadamummaa hawaasni itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf kan oolu ta’uu ibsaniiru. Dhaabbatichi michoota ardiilee fi idil-addunyaa waliin qindoominaan kaarboonii bara 2022 hanga 2024 gidduutti galmaa’e meetiriik toonii miiliyoona 13 gurguruufis qophii ta’uu ibsameera.   Gara fuulduraattis bosona uumamaa fi namtolchee karaa saayinsaawaa ta’een kunuunsuu fi daldala kaarboonii hojiirra oolchuun hojiin eegumsa naannoo fi fayyadamummaa diinagdee biyyaalessaa dabaluu itti fufa jedhan. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Naannoo Oromiyaatti sagantaan Ashaaraa magaarisaa uwwisa Bosonaa dabaleera
Aug 21, 2026 565
Hagayya 15/2018 (ENA): Naannoo Oromiyaatti Sagantaan Ashaaraa Magariisaa mancaatii bosonaa hir'isuun qabiyyee bosonaa dabaluusaa Dhaabbanni Bosonaa fi Bineesota Bosonaa Naannichaa beeksise. Itiyoophiyaatti waggoota kurnan darban keessatti sababa adda addaan mukkeen qabiyyeen bosonaa gadi bu'ee ture. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin bara 2011 eegalame kun Naannoo Oromiyaa keessatti xiyyeeffannoo guddaadhaan irratti hojjetameera.   Biqiltuu dhaabuu qofa osoo hin taane, bosona jiru eeguu, mancaatii ittisuu fi mukkeen faayidaa dinagdee fi soorataaf oolan dhaabuu irratti xiyyeeffannoon kennameera. Hojii kanaan qabiyyeen Bosona Naannichaa saffisaan dabalaa jiraachuurra darbee, Naannoon Oromiyaa Bosona haaromsuu fi eeguu keessatti qooda olaanaa taphachaa jira. Hojii gaggeessaan Dhaabbata Bosonaa fi Bineensota Bosonaa Oromiyaa Obbo Araarsaa Raggaasaa ENA waliin turtii taasisaniin, waggoottan darban keessatti uwwisa bosona naannichaa guddisuuf hojiileen garagaraa hojjetamaniiru. Hojiiwwan uwwisa bosona naannichaa guddisuuf hojjetaman keessaa bakkeewwan sababa adda addaan manca’an irratti karaa saayinsaawaan biqiltuu garagaraa dhaabuurra darbee tuttuqqaa namaa fi bineensarraa bilisa taasisuun fi babal'ina lafa qonnaa seeraan alaa ittisuuf hojii hojjetameen bu'aan olaanaan galmaa'uu isaa dubbataniiru. Keessumaa biqiloota dhaabuu qofa irratti osoo hin daangeeffamin, kunuunsa isaaniitiif xiyyeeffannaan olaanaan kennamuunsaa bu'aa argameef sababa guddaa ta'uu himaniru. Haaluma kanaan uwwisni bosona naannichaa duraan gadi bu'aa ture gara dhibbeentaa 27tti guddisuun danda'amuu isaa Obbo Araarsaan dubbataniiru. Keessattuu sagantaan Ashaaraa magarisaa hawaasa biratti ilaalcha gaarii uumuudhaan, dhaabuu qofa irratti osoo hin ta'iin, kunuunsaa fi eegumsa isaa irratti hirmaannaan hawaasaa cimuun bu'aan qabatamaan argamaa jiraachuu ibsaniiru.   Tattaaffii taasifameen biyyoon akka hin dhiqamne ittisuu cinaatti, gabbinni biyyoo dabaluu keessatti gahee guddaa kan qabu ta’uu himaniru. Dabalataanis, bishaan lafa jalaa akka gabbatu taasisuun burqaawwan bishaanii, laggeenii fi haroowwan goganii turan akka deebi'an taasiseras jedhan. Kanneen keessaa akka fakkeenyatti kan kaasan Godina Harargee Bahatti Haroon Haramayaa gogee kan ture deebi'ee mirgisuun, yeroo ammaa hawaasa naannichaatiif tajaajila kennaa jiraachuu isaa akka fakkeenyaatti eerameera. Obbo Araarsaan akka himanitti, yeroo ammaa naannichatti walii galaan lafti hektaara miliyoona 4 bosonaan misoomee jira. Walii galaatti Naannichatti lafa heektaara miliyyoona tokkotti dhiyyaatu kunuunsaa fi eegumsa bineensotaaf, paarkiwwaniif fi iddoowwan bashannanaatiif kan oolu yoo ta'u, hektaarri kuma 700 immoo dhaabbii biqiltootaa fi misooma bosona nam-tolcheef kan adda bahe ta’u himaniru. Lafa walii galaa kana keessaa hektaari miliyoona 2 tuqaa 3 ta'u immoo bosona uumamaatiin gutummaatti kan uwwifame ta'uu ibsaniiru.    
Godina Gujiitti Biqiltuun Bunaa filatamaan Ganna baranaa kanatti Hektaara Kuma 16 irratti dhaabameera
Aug 15, 2026 806
Hagayya 9/2018 (ENA): Naannoo Oromiyaa Godina Gujiitti Ganna kana lafa heektaara kuma 16 irratti biqiltuun bunaa filatamaan dhaabamuu Waajjirri Qonna Godinichaa beeksise. Godinni Gujii urgaa fi mi’aa gaarii ta’een gosoota bunaa kan qabu addunyaa irratti gatii guddaa qaban keessaa tokko kan qabudha. Waggoota dhiyoo asitti qonnaan bultoonni Godinichaa mala saayinsaawaa fayyadamuun qulqullinaa fi baay’ina oomisha isaanii akka fooyyessan jajjabeeffamaa turaniiru. Oomishaa fi oomishtummaa guddisuuf, qonnaan bultoonni gosoota bunaa haaraa fooyya’aa, oomisha olaanaa fi dhukkuba dandamatan irraa akka fayyadaman gargaaruuf, Ganna kana Godinicha keessatti hojiin dhaabbii sanyii filatamaa bunaa fi misoomaa bal’aan hojjetamaa jira.   Waajjira Qonna Godinichaatti ogeessa misooma bunaa fi shaayii kan ta’an obbo Biraanuu Fayisaa akka jedhanitti, oomishaa fi omishtummaa guddisuuf Ganna kana Godinicha keessatti misooma bunaa babal’isuuf karoorri qabamee hojjetamaa jira. Biqiltuun bunaa gosa sanyii filatamaa fooyya’aa ta’ee fi yeroo gabaabaa keessatti oomisha olaanaa argamsiisu kuma 72 fi 500 ol lafa heektaara kuma 16 fi 233 irratti hanga ammaatti dhaabamuu himaniiru. Akkasumas gosti haaraan kun gogiinsa fi dhukkuba kan dandamatu yoo ta’u, heektaara tokkorraa hanga kuntaala 18 oomishuuf dandeettii kan qabu ta’uu ibsaniiru. Godinaalee aanichaa 12 keessatti lakkoofsi biqiltuu bunaa dhaabame kan bara darbee waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu gara miiliyoona 13 dabaluu isaa ibsaniiru. Akkasumas qonnaan bultoonni aanaalee Godinichaa hunda keessaa kuma 54 ol misooma kanarratti hirmaachuu isaanii beeksisaniiru.   Itti gaafatamaan Waajjira Daldala Godinichaa obbo Areeruu Waaree akka ibsanitti, babal’achuun misooma bunaa Gidinicha keessatti gosoota fooyya’aa ta’een oomisha baay’inaafi qulqullinaan dabalaa jira. Bara kanas bunni kuntaala kuma 231 ol Godinicha irraa gabaaf dhiyaachuu isaa akka fakkeenyaatti kaasaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 30269
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti - Itti aanaa Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa
Jun 9, 2026 17383
Waxabajji 2 /2018 (ENA): Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti jedhani itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan muummee ministiraa Pirojektoota misoomaa adda addaa magaalaa Woldiyaatti ijaaraman eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Yeroo eebba kanaatti pirojektoonni misoomaa eebbifaman imala biyyattiin gara fuulduraatti taasiftu kan agarsiisan yoo ta’u, guddinni Itiyoophiyaa eenyullee dhaabuu akka hin dandeenye kuni ragaadha jedhan. Itti aanaan ministira muummee kun ummanni magaalaa Woldiyaa finxaaleyyii fi qoqqoodinsa mormuudhaan kan beekamu ta’uu ibsuun, filannoon isaanii irra deddeebiin nagaa fi mootummaa cimaa ta’uu isaa kan argisiisu ta’uu ibsaniiru.   Mootummaan baandota irratti qabsaa’aa jira jedhani. Waggoota 50 fi 60 darbaniif warri yaada dulloomaatiin qabaman guddina ariifataa biyyattii hubachuu akka hin dandeenyes ibsaniiru. Warri bosona keessa jiran jijjiirama guddaa biyyatti dhufe kan akka misooma koridarii, maaddii guutuu, pirojektoota misoomaa fi oomisha qamadii arguu akka hin dandeenye dubbataniiru. Misoomni koridarii magaalota keessatti gaggeeffamaa jiru dhimma bareedinaa qofa osoo hin taane magaalota ammayyeessuun sadarkaa jireenyaa ummataa ol kaasuuf kaayyoo ta’uu ibsaniiru. Magaalonni Itiyoophiyaa magaalota Baha Afriikaa fi addunyaa waliin dorgomuu akka qaban ibsaniiru; akkasumas tajaajila ammayyeessuuf tajaajilli giddugala tokkoo guutuu biyyattiitti babal’achaa akka jiru hubachiisaniiru. Manneen kitaabaa ummataa, manneen kitaabaa dijitaalaa fi kaffeewwan saayinsii magaalaa Woldiyaatti ijaaraman odeeffannoo guyyaa guyyaa irraa gara beekumsaa fi qorannoo gadi fagootti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan, abbootii qabeenyaa fi ummanni pirojektoota misoomaa eegalaman gara baadiyyaatti babal’isuun badhaadhina biyyattii dhugoomsuuf waliin hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 16634
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015