Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Aadaan siyaasaa nagaa qabeessi milkaa’ina Filannoo Dimokirasiif  bu’uura  
Jan 4, 2026 44
Mudde26/2018(ENA)– Aadaan siyaasaa nagaa qabeessi milkaa’ina Filannoo Dimokirasiif bu’uura murteessaa ta’uu Ministirri Nageenyaa Mahaammad Idiriis ibsan. Ministeerri nageenyaa Mana maree waloo paarstiilee siyaasaa Itiyoophiyaa waliin qindaa’uun Mata duree “sochii siyaasaa nagaa qabeessa Filannoo nagaaf“ jedhuun waltajjii marii gaggeessaa jira. Ministirri Nageenyaa Mahaammad Idiriis Waltajjicharratti akka dubbatanitti, Filannoon ijaarsa mootummaa fi sirna dimokiraasii cimsuuf utubaa cimaadha. Paarsiileen siyaasaa nagaa fi tasgabbii biyyaa eegsisuurratti itti gaafatamummaa guddaa akka qaban eeruun, adeemsa filannoo nagaaf qooda murteessa qabaachuusaanii dubbataniiru. Keessumaa waktii filannoos ta’e yeroo biroo sochiiwwan siyaasaa taassifaman kamiyyuu tokkummaa biyyaa fi nageenya uummataa haala eegeen raawwatamuu akka qabu dubbataniiru. Filannoo nagaaqabeessa mirkaneessuuf hojii mootummaa qofa osoo hin ta’iin qindoomina paartiilee siyaasaa, kan dhaabbilee hawaasa sivilii fi tattaaffii hawaasa hundaa kan gaafatu ta’uu ibsaniiru. Filannoon biyyoolessaa 7ffaan milkaa’inaan akka xumutamuuf paartiileen siyaasaa itti gaafatamummaasaanii akka bahaniif waamicha dhiheessaniiru. Itti gaafatamaan Manne maree waloo paartiilee siyaasaa Itiyoophiyaa Salamoon Ayyalaa gamasaaniin Manni mariachi sirna Dimokiraasii cimaa ijaaruu fi sirna paartii himaachisaa cimsuuf shoorasaa taphachaa jiraachuu dubbataniiru. Filannoon biyyoolessaa 7ffaan milkaa’aa akka ta’uuf manni mariachi qophii barbaachisaa raawwachaa jiraachuu ibsaniiru.
Tarsiimoon Dijitaala Itiyoophiyaa 2030 qulqullinaa fi dhaqqabummaa barnootaa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa qaba
Jan 4, 2026 33
Mudde 26/2018(ENA) – Tarsiimoon Dijitaala Itiyoophiyaa 2030 qulqullinaa fi dhaqqabummaa barnootaa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu deetaan Ministira Barnootaa Korraa Xushunee ibsani. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 yeroo ifatti eegalsiisan, Tarsiimoon Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2025 sadarkaa guutummaan guutuutti jechuun danda’amuun galma ga’uu isaa ibsuun isaanii ni beekama.   Deetaan Ministira Barnootaa Korraa Xushunee akka jedhanitti, filannoowwan teeknooloojii dijitaalaa sirnaan fayyadamuun qulqullinaa fi waliin gahinsi barnootaa akka mirkanaa’uuf murteessaa ta’uu ibsaniiru. Ariitii guddina idil addunyaa hordofuun, damee barnootaan hawaasa beekumsaa fi gahumsa qabu horachuuf tarsiimoon dijitaala Itiyoophiyaa 2025 gahee olaanaa taphatee darbeera jedhani. Keessumaa adeemsa baruu fi barsiisuu ammayyeessuunii fi kenniinsa qormaataa dijitaalawaa gochuun nageenya qormaataa eeguun danda’ameera jedhani. Itti dabaluunis, tarsiimoon kun dhaabbileen barnoota olaanoo dirree leenjii imala dijiitaalaayizeeshinii biyyattii deeggaran akka bananii fi humna namaa damichaan gahumsa qabu oomishuuf galtee akka argataniif haala mijataa uuma jedhan. Badhaadhina biyyattii mirkaneessuuf hojii ammayyeessuun eegalame daran haala mijeessuuf Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 mootummaan hojiirra oolchuu isaa ibsaniiru. Tarsiimoon kun lammiileen filannoowwan teeknooloojii dijitaalaatiin gargaaramuun, bakka jiran hundarraa barnoota isaanii akka hordofan kan taasisu ta’uu ibsaniiru. Tarsiimoon kunis dhaqqabamummaa barnootaa fi qulqullina walitti makuun bu'aa guddaa akka qabaatu hubachiisaniiru. Damee teeknooloojii dijitaalaa irratti humna namaa ogummaa qabu horachuuf akkasumas dhaabbilee barnoota olaanoo indaastirichatti dhiheessuuf ciminaan ni hojjanna jedhaniiru. Itti dabaluunis barattoonni beekumsa qabatamaa fi dandeettii teeknooloojii akka horatan kan taasisu ta’uu ibsaniiru. Bu’aa qorannoo dijiitaalaayizeeshinii hojiirra oolchuudhaan dameen barnootaa milkaa’ina tarsiimoo kanaaf itti gaafatamummaa biyyaalessaa eegamu ni fudhata jedhaniiru.
Waraqaan eenyummaa Faayidaa dijitaalaa, galma Itiyoophiyaan ijaarsa diinagdee dijitaalaa qabatti milkeessuuf gahee guddaa qaba.
Jan 4, 2026 18
Mudde 26/2018(ENA) - Waraqaan eenyummaa Faayidaa dijitaalaa, galma Itiyoophiyaan ijaarsa diinagdee dijitaalaa qabatti milkeessuuf gahee guddaa qaba jedhan qindeessaan olaanaa sagantaa waraqaa eenyummaa biyyaalessaa Yodaahee Ara’ayasillaasee. Sagantaa waraqaa eenyummaa dijitaalaa biyyaalessaa marsaa 2ffaa, fiigichi daandii irraa kiiloo meetira 5 mata duree "Faayidaa Itiyoophiyaaf" jedhuun gaggeeffamu magaalaa Jigjigaatti gaggeeffameera.   Saganticha irratti argamuun ergaa dabarsaniin obbo Yodaaheen,lammiileen waraqaa eenyumma dijitaalaa Faayidaa fudhachuun mirga lammummaa isaanii fayyadamuu akka qaban ibsaniiru. Itti aanaan piresidaantii mootummaa naannoo Somaalee Adan Ibraahim sirni waraqaa eenyummaa dijitaalaa misooma biyyattiif barbaachisummaa guddaa akka qabuu fi naannichatti dhaqqabamaa taasisuuf tattaaffiin taasifamaa jira jedhan. Tajaajila hawaasummaa fi dinagdee argachuuf lammiileen hundi waraqaa eenyummaa dijitaalaa fudhachuu akka qabanis dubbataniiru. Fiigichi har'aa adeemsa galmee waraqaa eenyummaa dijitaalaa kakaasuu qofa osoo hin taane, dargaggoota dorgomaa ispoortii ta’an horachuuf carraa guddaa kan uumu ta'uus ibsaniiru. Fiigicha daandii irraa kana irratti hoggantoonni naannolee, atileet Komaandar Daraartuu Tulluu, namoota beekamoo, atileetonnii fi kutaaleen hawaasaa adda addaa akkasumas jiraattonni magaalaa Jigjigaa hirmaataniiru.
Bu’uuraaleen misoomaa bakkeewwan hawwata tuuristootaa babal’achuun dorgomtummaa tuuriizimii Itiyoophiyaa fi hirmaannaa damee dhuunfaa guddisaa jira.
Jan 4, 2026 42
Mudde 26/2018(ENA)- Bu’uuraaleen misoomaa bakkeewwan hawwata tuuristii babal’achuun dorgomtummaa tuuriizimii Itiyoophiyaa fi hirmaannaa damee dhuunfaa guddisaa jiraachuu Ministirri Turizimi ibse. Dameen turizimii dameewwan mootummaan xiyyeeffannoo itti kennu keessaa tokko yoo ta’u, guddina diinagdee Itiyoophiyaaf utubaa ijoo kanneen jedhaman keessaa tokkodha. Itiyoophiyaan qabeenya turizimii seenaa fi aadaa hedduu kan qabdu yoo ta’u, kennaawwan kanneen immoo keessattuu erga jijjiiramaan asii haalaan itti fayyadamuu irratti hojjetamaa jiraachuu himameera. Ministeera Tuurizimiitti Daarektarri Olaanaa Damee Bu’uuraalee misoomaa Saamu’eel Haayilu ENAtti akka himanitti, mootummaan qabeenya turizimii hin misoomsamne karaa piroojektoota Maaddii Shaggar, Maaddii Biyyaa fi Maaddii Dhalootaa misoomsuu danda’een, bakka gahumsa turizimii mijataa taasisuu danda’eera.   Iddoowwan hawwata turizimii haaraa fi duraan turan haala miidhagina biyyattii jijjiiruu qofa osoo hin taane tuuristoonni hedduu gara Itiyoophiyaatti akka dhufan taasisaa jiru. Haaluma kanaan biyyattiin bakka filatamaa konfiraansii turizimii taasisuudhaan dorgomtummaa idil-addunyaa ishee guddachaa akka jirus dubbataniiru. Mootummaan abbootii qabeenyaa damee turizimii irratti hirmaataniif deeggarsa kennaafii jiraachuu eeruun, dameeleen dhuunfaas Finfinnee dabalatee naannoolee adda addaa keessatti bakkeewwan hawwata turizimii misoomsuun hirmaannaa isaanii guddisaa jiru jedhani. Gahee dameen dhuunfaa indaastirii turizimii keessatti qabu daran guddisuu fi qabeenya uumamaa fi namtolchee biyyattii daran addunyaatti beeksisuuf ciminaan hojjechuu akka itti fufus akeekkachiisaniiru. Hogganaan Waliigalaa Dhaabbata Tuu Laayit Tuur obbo Yittaayyawu Taarikuu gama isaaniitiin haalli mijataa fi bu’uuraaleen misoomaa mootummaan damee kana keessatti uume akka gara hojiitti seenaniif kaka’umsa guddaa akka isaaniif ta’e himaniiru.   Dhaabbanni isaanii daawwattoota gara kutaalee biyyattii adda addaatti geessuun bakkeewwan haaraa adda addaa barsiisuunii fi beeksisuun gumaacha taasisaa akka jirus dubbataniiru.
Godinichatti fayyadamummaa Misoomashayii guddisuuf  xiyyeeffannoon kennameera
Jan 4, 2026 34
Mudde26/2018(ENA)– Godina Iluu Abbaa Booritti shayii Kilaastaraan misoomsuun fayyadamummaa Diinagdee guddisuuf hojiiwwan hojjetamaa jiran cimanii itti fufuunsaanii hubatameera. Mootummaa Naannoo Oromiyaan Innisheetifiin bocameefii gosota Qonnaa bifa haaraan misoomaa jiran keessaa Muuzii, Avokaadoo, Ruuzii fi Shayiin kan eeramanidha.   Innisheetifiin misooma Shayii Godina Iluu Abbaa Booritti Aanaawwan hedduutti hojiirra oolaa kan jiru yoo ta’u , Waggoottan Sadan darban keessumaa mattuutti, Aanaawwan Alleena Haluutti kilaasteraan bal’inaan misoomaa jira. Waktii bonaa qabametti yeroo gannaa kan dhaabamanii fi buufata biqiltuu kan jiran hojin kunuunsaa Biqiltuu bal’inaan hojjetamaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa Godina Iluu Abbaaboor Beeksiseera. Kana cinaattis biqiiltuuwwan bara 2018/2019 dhaabbatan qophessuun xiyyeeffannoon kennamuu Itti Aanaan Waajjirichaa Obbo Awwal Mahaammad ENA’f ibsaniiru.   Kanaanis humna misoomaa hirmaachisuun biqiltuuwwan baala shayii miiliyoona 250 qopheessuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Hojiin qophii biqiltuu humna namaa bal’aa kan barbaadu waan ta’eef Aanaawwanitti hirmaannaa hawaasaan deeggaramee kan hojjetamu ta’uun ibsameera. Aanaa mattuutti qonnaan bultoota misooma shayiirratti gurmaa’an bobba’an, yeroo ammaa Biqiltuuwwan shayii dhaabbatan kunuunsaa jiraachuusaanii dubbataniiru. Hojiin Misooma shayii babal’isuuf karoora qabaachuu hordofee hojii qophii biqiltuurratti hirmaachaa jiraachuu ibsaniiru.   Misooni shayii galtee Industiriitiif kan ooluu fi qophii biqiltuurraa eegalee humna namaa bay’ee kan barbaadfu ta’uu waan ta’eef godinichatti carraa hojii bal’aa uumaa jedhamee kan abdatamu ta’uu ibsaniiru.
Kan mul'ate
Aadaan siyaasaa nagaa qabeessi milkaa’ina Filannoo Dimokirasiif  bu’uura  
Jan 4, 2026 44
Mudde26/2018(ENA)– Aadaan siyaasaa nagaa qabeessi milkaa’ina Filannoo Dimokirasiif bu’uura murteessaa ta’uu Ministirri Nageenyaa Mahaammad Idiriis ibsan. Ministeerri nageenyaa Mana maree waloo paarstiilee siyaasaa Itiyoophiyaa waliin qindaa’uun Mata duree “sochii siyaasaa nagaa qabeessa Filannoo nagaaf“ jedhuun waltajjii marii gaggeessaa jira. Ministirri Nageenyaa Mahaammad Idiriis Waltajjicharratti akka dubbatanitti, Filannoon ijaarsa mootummaa fi sirna dimokiraasii cimsuuf utubaa cimaadha. Paarsiileen siyaasaa nagaa fi tasgabbii biyyaa eegsisuurratti itti gaafatamummaa guddaa akka qaban eeruun, adeemsa filannoo nagaaf qooda murteessa qabaachuusaanii dubbataniiru. Keessumaa waktii filannoos ta’e yeroo biroo sochiiwwan siyaasaa taassifaman kamiyyuu tokkummaa biyyaa fi nageenya uummataa haala eegeen raawwatamuu akka qabu dubbataniiru. Filannoo nagaaqabeessa mirkaneessuuf hojii mootummaa qofa osoo hin ta’iin qindoomina paartiilee siyaasaa, kan dhaabbilee hawaasa sivilii fi tattaaffii hawaasa hundaa kan gaafatu ta’uu ibsaniiru. Filannoon biyyoolessaa 7ffaan milkaa’inaan akka xumutamuuf paartiileen siyaasaa itti gaafatamummaasaanii akka bahaniif waamicha dhiheessaniiru. Itti gaafatamaan Manne maree waloo paartiilee siyaasaa Itiyoophiyaa Salamoon Ayyalaa gamasaaniin Manni mariachi sirna Dimokiraasii cimaa ijaaruu fi sirna paartii himaachisaa cimsuuf shoorasaa taphachaa jiraachuu dubbataniiru. Filannoon biyyoolessaa 7ffaan milkaa’aa akka ta’uuf manni mariachi qophii barbaachisaa raawwachaa jiraachuu ibsaniiru.
Tarsiimoon Dijitaala Itiyoophiyaa 2030 qulqullinaa fi dhaqqabummaa barnootaa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa qaba
Jan 4, 2026 33
Mudde 26/2018(ENA) – Tarsiimoon Dijitaala Itiyoophiyaa 2030 qulqullinaa fi dhaqqabummaa barnootaa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu deetaan Ministira Barnootaa Korraa Xushunee ibsani. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 yeroo ifatti eegalsiisan, Tarsiimoon Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2025 sadarkaa guutummaan guutuutti jechuun danda’amuun galma ga’uu isaa ibsuun isaanii ni beekama.   Deetaan Ministira Barnootaa Korraa Xushunee akka jedhanitti, filannoowwan teeknooloojii dijitaalaa sirnaan fayyadamuun qulqullinaa fi waliin gahinsi barnootaa akka mirkanaa’uuf murteessaa ta’uu ibsaniiru. Ariitii guddina idil addunyaa hordofuun, damee barnootaan hawaasa beekumsaa fi gahumsa qabu horachuuf tarsiimoon dijitaala Itiyoophiyaa 2025 gahee olaanaa taphatee darbeera jedhani. Keessumaa adeemsa baruu fi barsiisuu ammayyeessuunii fi kenniinsa qormaataa dijitaalawaa gochuun nageenya qormaataa eeguun danda’ameera jedhani. Itti dabaluunis, tarsiimoon kun dhaabbileen barnoota olaanoo dirree leenjii imala dijiitaalaayizeeshinii biyyattii deeggaran akka bananii fi humna namaa damichaan gahumsa qabu oomishuuf galtee akka argataniif haala mijataa uuma jedhan. Badhaadhina biyyattii mirkaneessuuf hojii ammayyeessuun eegalame daran haala mijeessuuf Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 mootummaan hojiirra oolchuu isaa ibsaniiru. Tarsiimoon kun lammiileen filannoowwan teeknooloojii dijitaalaatiin gargaaramuun, bakka jiran hundarraa barnoota isaanii akka hordofan kan taasisu ta’uu ibsaniiru. Tarsiimoon kunis dhaqqabamummaa barnootaa fi qulqullina walitti makuun bu'aa guddaa akka qabaatu hubachiisaniiru. Damee teeknooloojii dijitaalaa irratti humna namaa ogummaa qabu horachuuf akkasumas dhaabbilee barnoota olaanoo indaastirichatti dhiheessuuf ciminaan ni hojjanna jedhaniiru. Itti dabaluunis barattoonni beekumsa qabatamaa fi dandeettii teeknooloojii akka horatan kan taasisu ta’uu ibsaniiru. Bu’aa qorannoo dijiitaalaayizeeshinii hojiirra oolchuudhaan dameen barnootaa milkaa’ina tarsiimoo kanaaf itti gaafatamummaa biyyaalessaa eegamu ni fudhata jedhaniiru.
Bu’uuraaleen misoomaa bakkeewwan hawwata tuuristootaa babal’achuun dorgomtummaa tuuriizimii Itiyoophiyaa fi hirmaannaa damee dhuunfaa guddisaa jira.
Jan 4, 2026 42
Mudde 26/2018(ENA)- Bu’uuraaleen misoomaa bakkeewwan hawwata tuuristii babal’achuun dorgomtummaa tuuriizimii Itiyoophiyaa fi hirmaannaa damee dhuunfaa guddisaa jiraachuu Ministirri Turizimi ibse. Dameen turizimii dameewwan mootummaan xiyyeeffannoo itti kennu keessaa tokko yoo ta’u, guddina diinagdee Itiyoophiyaaf utubaa ijoo kanneen jedhaman keessaa tokkodha. Itiyoophiyaan qabeenya turizimii seenaa fi aadaa hedduu kan qabdu yoo ta’u, kennaawwan kanneen immoo keessattuu erga jijjiiramaan asii haalaan itti fayyadamuu irratti hojjetamaa jiraachuu himameera. Ministeera Tuurizimiitti Daarektarri Olaanaa Damee Bu’uuraalee misoomaa Saamu’eel Haayilu ENAtti akka himanitti, mootummaan qabeenya turizimii hin misoomsamne karaa piroojektoota Maaddii Shaggar, Maaddii Biyyaa fi Maaddii Dhalootaa misoomsuu danda’een, bakka gahumsa turizimii mijataa taasisuu danda’eera.   Iddoowwan hawwata turizimii haaraa fi duraan turan haala miidhagina biyyattii jijjiiruu qofa osoo hin taane tuuristoonni hedduu gara Itiyoophiyaatti akka dhufan taasisaa jiru. Haaluma kanaan biyyattiin bakka filatamaa konfiraansii turizimii taasisuudhaan dorgomtummaa idil-addunyaa ishee guddachaa akka jirus dubbataniiru. Mootummaan abbootii qabeenyaa damee turizimii irratti hirmaataniif deeggarsa kennaafii jiraachuu eeruun, dameeleen dhuunfaas Finfinnee dabalatee naannoolee adda addaa keessatti bakkeewwan hawwata turizimii misoomsuun hirmaannaa isaanii guddisaa jiru jedhani. Gahee dameen dhuunfaa indaastirii turizimii keessatti qabu daran guddisuu fi qabeenya uumamaa fi namtolchee biyyattii daran addunyaatti beeksisuuf ciminaan hojjechuu akka itti fufus akeekkachiisaniiru. Hogganaan Waliigalaa Dhaabbata Tuu Laayit Tuur obbo Yittaayyawu Taarikuu gama isaaniitiin haalli mijataa fi bu’uuraaleen misoomaa mootummaan damee kana keessatti uume akka gara hojiitti seenaniif kaka’umsa guddaa akka isaaniif ta’e himaniiru.   Dhaabbanni isaanii daawwattoota gara kutaalee biyyattii adda addaatti geessuun bakkeewwan haaraa adda addaa barsiisuunii fi beeksisuun gumaacha taasisaa akka jirus dubbataniiru.
Godinichatti fayyadamummaa Misoomashayii guddisuuf  xiyyeeffannoon kennameera
Jan 4, 2026 34
Mudde26/2018(ENA)– Godina Iluu Abbaa Booritti shayii Kilaastaraan misoomsuun fayyadamummaa Diinagdee guddisuuf hojiiwwan hojjetamaa jiran cimanii itti fufuunsaanii hubatameera. Mootummaa Naannoo Oromiyaan Innisheetifiin bocameefii gosota Qonnaa bifa haaraan misoomaa jiran keessaa Muuzii, Avokaadoo, Ruuzii fi Shayiin kan eeramanidha.   Innisheetifiin misooma Shayii Godina Iluu Abbaa Booritti Aanaawwan hedduutti hojiirra oolaa kan jiru yoo ta’u , Waggoottan Sadan darban keessumaa mattuutti, Aanaawwan Alleena Haluutti kilaasteraan bal’inaan misoomaa jira. Waktii bonaa qabametti yeroo gannaa kan dhaabamanii fi buufata biqiltuu kan jiran hojin kunuunsaa Biqiltuu bal’inaan hojjetamaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa Godina Iluu Abbaaboor Beeksiseera. Kana cinaattis biqiiltuuwwan bara 2018/2019 dhaabbatan qophessuun xiyyeeffannoon kennamuu Itti Aanaan Waajjirichaa Obbo Awwal Mahaammad ENA’f ibsaniiru.   Kanaanis humna misoomaa hirmaachisuun biqiltuuwwan baala shayii miiliyoona 250 qopheessuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Hojiin qophii biqiltuu humna namaa bal’aa kan barbaadu waan ta’eef Aanaawwanitti hirmaannaa hawaasaan deeggaramee kan hojjetamu ta’uun ibsameera. Aanaa mattuutti qonnaan bultoota misooma shayiirratti gurmaa’an bobba’an, yeroo ammaa Biqiltuuwwan shayii dhaabbatan kunuunsaa jiraachuusaanii dubbataniiru. Hojiin Misooma shayii babal’isuuf karoora qabaachuu hordofee hojii qophii biqiltuurratti hirmaachaa jiraachuu ibsaniiru.   Misooni shayii galtee Industiriitiif kan ooluu fi qophii biqiltuurraa eegalee humna namaa bay’ee kan barbaadfu ta’uu waan ta’eef godinichatti carraa hojii bal’aa uumaa jedhamee kan abdatamu ta’uu ibsaniiru.

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa
Aadaan siyaasaa nagaa qabeessi milkaa’ina Filannoo Dimokirasiif  bu’uura  
Jan 4, 2026 44
Mudde26/2018(ENA)– Aadaan siyaasaa nagaa qabeessi milkaa’ina Filannoo Dimokirasiif bu’uura murteessaa ta’uu Ministirri Nageenyaa Mahaammad Idiriis ibsan. Ministeerri nageenyaa Mana maree waloo paarstiilee siyaasaa Itiyoophiyaa waliin qindaa’uun Mata duree “sochii siyaasaa nagaa qabeessa Filannoo nagaaf“ jedhuun waltajjii marii gaggeessaa jira. Ministirri Nageenyaa Mahaammad Idiriis Waltajjicharratti akka dubbatanitti, Filannoon ijaarsa mootummaa fi sirna dimokiraasii cimsuuf utubaa cimaadha. Paarsiileen siyaasaa nagaa fi tasgabbii biyyaa eegsisuurratti itti gaafatamummaa guddaa akka qaban eeruun, adeemsa filannoo nagaaf qooda murteessa qabaachuusaanii dubbataniiru. Keessumaa waktii filannoos ta’e yeroo biroo sochiiwwan siyaasaa taassifaman kamiyyuu tokkummaa biyyaa fi nageenya uummataa haala eegeen raawwatamuu akka qabu dubbataniiru. Filannoo nagaaqabeessa mirkaneessuuf hojii mootummaa qofa osoo hin ta’iin qindoomina paartiilee siyaasaa, kan dhaabbilee hawaasa sivilii fi tattaaffii hawaasa hundaa kan gaafatu ta’uu ibsaniiru. Filannoon biyyoolessaa 7ffaan milkaa’inaan akka xumutamuuf paartiileen siyaasaa itti gaafatamummaasaanii akka bahaniif waamicha dhiheessaniiru. Itti gaafatamaan Manne maree waloo paartiilee siyaasaa Itiyoophiyaa Salamoon Ayyalaa gamasaaniin Manni mariachi sirna Dimokiraasii cimaa ijaaruu fi sirna paartii himaachisaa cimsuuf shoorasaa taphachaa jiraachuu dubbataniiru. Filannoon biyyoolessaa 7ffaan milkaa’aa akka ta’uuf manni mariachi qophii barbaachisaa raawwachaa jiraachuu ibsaniiru.
Mootummaan Ida’amuu imala badhaadhina biyyaalessaa keessatti dhaabbileen barnoota olaanoo gahee bakka hin buufamne akka qaban cimsee amana - Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimad
Jan 2, 2026 309
Mudde 24/2018 (ENA)- Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Mootummaan Ida’amuu imala badhaadhina biyyoolessaa keessatti dhaabbileen barnoota olaanoo gaheebakka hin buufamne akka qaban cimsee akka amanuu fi hojiirra oolmaa isaaf hojjechaa akka jiru ibsaniiru.   Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaanii irratti dabarsaniin, yaadni humna jijjiiramaa ta’uu eeruun, hayyoonni immoo bakka buutota jijjiiramaati jedhan. Hayyoonni jijjiirama hawaasa keessatti uuman biyyattii gara badhaadhinaatti kan geessu ta’uu eeruun, gama kanaanis hayyoonni yaada kabajuu fi jaalachuu, gadi fageenyaan xiinxaluu, dubbisuu, kan rakkoo furanii fi furmaata barbaadan ta’uun irraa eegama jedhani. Guyyaa har’aa waltajjii marii waggaa 75ffaa hundeeffama Yunivarsiitii Finfinnee kabajuuf Yunivarsiitichi qopheesse irratti hirmaachuu isaanii hubachiisaniiru.   Mootummaan Ida’amuu imala badhaadhina biyyaalessaa keessatti dhaabbileen barnoota olaanoo gahee bakka hin buufamne akka qaban cimsee akka amanu, hojiirra oolmaa isaafis hojjechaa akka jiru dubbataniiru.   Dhaabbileen hojii baruu barsiisuu fi qorannoo gara kalaqaa fi gochaatti jijjiiruun teeknooloojii waliin simsiisuun kan isaan irraa eegamu ta’uus cimsanii kan ibsan yoo ta’u, kunis badhaadhina Itiyoophiyaa saffisiisuu keessatti gahee guddaa qaba jedhan.
Itiyoophiyaan Rakkoolee Barootaaf turan bu’urarraa furuun Mootummaa cimaa ijaaruuf mariin biyyoolessaa carraa seenaa qabeessadha
Jan 2, 2026 181
Mudde 24/2018(ENA)–Itiyoophiyaatti rakkoolee baroota dheeraaf turan bu’urarraa furuun mootummaa cimaa ijaaruuf mariin biyyoolessaa carraa seenaa qabeessa ta’uu paartiin morkataa sosochii dimokiraatawaa Uummata Gumuz ibse. Mariin biyyoolessa Itiyoophiyaa erga labsiin hundaa’ee hojii eegalee asitti boqonnaa qophiitii hanga mariitti hanga ammaatti hojiiwwan hedduu hojjeteera.   Dhimma kanarratti itti gaafatamaan sabquunnamtii fi miseensi gidduugalaa paartiin Sosochii Dimokiraatawaa Ummata Gumuz Lammeessaa Neenoo ENA’f yaada kennaniin akka ibsanitti, Mariin biyyoolessaa carraa rakkoolee furu qabatee kan dhufe ta’uu himaniiru. Mariin biyyoolessaa rakkoolee yeroo dheeraaf turan bu’uurarraa furuuf mootummaa cimaa hundeessuuf carraa seenaa qabessadha jedhaniiru. Haata’u malee carraa seenaa qabeessa kana milkaa’inaan goolabuuf hundi keenya rakkoolee mariin furuuf kutannoo qabaachuu qabna jedhaniiru. Lammiileen biyya keessaa fi biyya alaa jiraatan dhimma biyyasaaniirratti marii’achuun furmaatasaaf hojjechuun rakkoowwan bu’uurarraa furuuf abbaa ta’uu qabu jedhaniiru. Adeemsa kana keessatti paartiinsaanii hirmaannaa ho’aa taasisuusaa ibsaniiru. Gara fuulduraattis marichi hanga milkaa’inaan xumuramutti gaheesaanii bahuuf qophii ta’uusaanii mirkaneessaniiru. Paartiin sosochi idimokiraatawaa Ummata Gumuz komishinii Marii Biyyoolessaaf ajandaawwan adda addaa kennuusaa yaadachuun dhimmoota kanarratti marii’achuun qaama furmaataa ta’uuf qophaa’uusaa ibsaniiru.
Hojiiwwan Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad baatiiwwan Sadaasaa fi Muddee keessa hojjetan
Jan 2, 2026 169
  Mudde 24/ 2018 (ENA) – Ministirri Muummee FDRI doktar Abiyyi Ahimad baatiiwwan Sadaasaa fi Muddee bara 2018 keessa hojiilee ijoo biyyaalessaa, ardiifi idil-addunyaa hojjetaniiru. Hojiileen hundi barbaachisummaa fi dhiibbaa uumuu danda’uu Itiyoophiyaa bu’uura cimaarra kan kaa’anidha. Ministirri Muummee Rippaabiliika Hindi daawwannaaf gara Itiyoophiyaa dhufuu hordofee mariin gamlamee Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad taasisanii fi waliigalteewwan hundagaleessi biyyoottan lameen gidduutti mallattaa’aniif hiikkaa guddaan kennameera.   Mariin hoggantoota lameenii irra jireessaan tumsa biyyoonni lameen dameewwan daldalaa fi invastimantiin, dijitaalaayizeeshinii fi tuurizimiin qaban gara sadarkaa olaanaatti ceesisuuf kan kaayyeffatedha. Dabalataanis biyyoota lameen gidduutti deeggarsa bulchiinsa waloo Gumruukaa, Ministeera Dhimma Alaa FDRItti waliigaltee hundeeffama Giddugala Daataa akkasumas waliigalteen kabachiisa nageenyaa idil-addunyaa keessatti kutannoo qaban mul’isuu fi cimsu mallattaa’eera. Kana malees Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimadii fi Ministirri Muummee Naareendiraa Moodiin Paarlaamaatti argamuun Ministirri Muummee Hindi Walga’ii waloo Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa fi Federeeshinii irratti haasawaa taasisaniiru.   Dhimmoota Ardii ilaalchisee: Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad deeggartoota Afrikaa fi naannawaa waliin mari’ataniiru. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Mootummoota Gamtoomaniitti Barreessaa Olaanaa Komishinii Diinagdee Afrikaa Kilaavar Gaateetee waliin Afrikaa haalaan kan bakka bu’u Yaa’ii Jijjiirama Qilleensaa Mootummoota Gamtoomanii COP32 Itiyoophiyaan qopheessitu irratti haala Itiyoophiyaa waliin hojjechuu danda’an irratti mari’ataniiru. Bifuma walfakkaatuun Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Itiyoophiyaa fi Gamtaan Afrikaa yaa’ii Ardicha bakka bu’u qopheessuuf walitti dhiyeenyaan hojjechuuf haalota dandeessisan uumuuf, Dura Taa’aa Komishinii Gamtaa Afrikaa fi garee isaanii waliin mari’ataniiru.   Marichaanis koop 32 (COP32) milkeessuuf karaalee walta’iinsa ijoo Itiyoophiyaa fi furmaata Afrikaa cimsuun danda’amu irrattis kaafameera. Dabalaanis Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad, Pireezidaantiin Rippabiliika Federaalaa Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad fi pireezdaantii Keeniyaa Wiliyaam Ruutoo daawwannaa hojii Itiyoophiyaatti taasisan simatanii mari’ataniiru.   Mariin hoggantoota lamaan gidduutti taasifame adda durummaan hariiroo dippiloomaasii cimsuu irratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsameera. Akkasumas dureewwan biyyoota lamaanii haala nageenya waaraa Gaanfa Afrikaatti buusuun danda’amu irratti kan mari’atan yoo ta’u, kunis nageenyaa, tasgabbii fi furmaata Afrikaa Afrikaanotaaf kan jedhu irratti kan xiyyeeffate ture.   Dhimmoota biyya keessaan immoo doktar Abiyyi Ahimad Dijitaala Itiyoophiyaa 2025 sadarkaa guutummaan guutuutti jechuun danda’amuun galma qabameefiin goolabamuu eeruun,Dijitaala Iyiyoophiyaa 2030 ifatti eegalchiisaniiru.   Sagantaa Tarsiimoo kana dhaqqabamummaa isaa bal’isuuf lammiilef carraa walqixaa uumuu akkasumas lammiilee fi dhaabbilee giduutti wal amantaa guddisuun kaayyoo ijoo ta’ee gara hojiitti galameera. Dijiitaalaa Itiyoophiyaa 2030n bu’uuraalee dijitaalaa ummataa babal’isuu irratti kan xiyyeeffatamu yoo ta’u, kunis teeknooloojiin dijitaalaa namoota giddu galeessa godhatee jiruu fi jireenya lammiilee fooyyessuuf carraa guddaa kan uumu ta’a. Yeroo sanatti Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad akka ibsanitti, Dijitaala Itiyoophiyaa 2030tiin galmoonni kaa’aman akka milkaa’an dhimmoonni bu’uuraa lama akka jiran eeraniiru. Tokkoffaan dhaqqabamummaa Humna Ibsaa yoo ta’u, waliin gahinsa humna ibsaa soorata teekinooloojii dijitaala jennee fudhachuu dandeenya jedhaniiru. Inni lammaffaan immoo walitti hidhaminsa intarnetii dha kan jedhan Ministirri Muummee, magaalonni hedduun fayyadamoo intarneetii ta’uu akka danda’an ibsaniiru. Haata’u malee waggoottan shaman dhufan kanatti waliin gahinsa kana guutummaan guutuutti naannoolee biroottis babal’achuu akka qabu cimsanii himaniiru. Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 jalatti lakkoofsi maamiloota moobaayilaa miiliyoona 128 akka gahu, uwwisni neetworkii 5G magaalota 100 akka gahu eegama. Walumaagalatti hojiin Dijitaalaa Itiyoophiyaa keessatti hojjetamaa jiru kaayyoo mootummaan Ida’amuu tarsiimoolee gurguddoo birookraasii salphaa ta’een dhugoomsuu waliin kan walqabatu ta’uu Ministirri Muummee doktar Abiyyi ibsaniiru. Gama biraatiin guyyaan ayyaana Saboota, Sablammootaa fi Uummatoota Itiyoophiyaa 20ffaan Naannoo Giddu-galeessa Itiyoophiyaa magaalaa miidhagduu Hosaa’inaa keessatti bakka Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimadii fi qondaaltonni olaanoo mootummaa argamanitti kabajameera.   Guyyaan Saboota, Sablamootaa fi Uummatoota Itiyoophiyaa 21ffaan Magaalaa Jimmaatti akka kabajamu ibsameera. Waliigalaan Ministirri Muummee FDRI doktar Abiyyi Ahimad baatiwwan Sadaasaa fi Muddee keessa biyya keessatti ammayyummaa guddisuu, sadarkaa Ardii fi Idil Addunyaatti ammoo dippiloomaasii tarsiimowaa ta’e caalmaatti cimsuuf kutannoo qaban kan itti mirkaneessaniidha. Kanaanis hammattummaa Diijitaalaa guddisuu, tumsa naannawaa fi Idil Addunyaa cimsuu fi hojiileen ol ka’iinsa Itiyoophiyaa mirkaneessan hojjetamaniiru.
Mariin biyyaalessaa carraa garaagarummaa keenya karaa qaroomee fi nagaan furuuf arganne kan bakka bu’ummaa hin qabnedha-Tajaajila komunikeeshinii mootummaa
Jan 2, 2026 145
Mudde 24/2018(ENA)-Mariin biyyaalessaa hunda hammataan Itiyoophiyaatti eegalame garaagarummaa keenya karaa qaroomee fi nagaan furuuf arganne kan bakka bu’ummaa hin qabnedha jechuun beeksise tajaajilli komunikeeshinii mootummaa. Mariin mo’annaa waloof, mariin nageenya fulla’aa fi ijaarsa mootummaa cimaaf! Jechuun ibsa baaseen wal dhabdeen bara dheeraa Itiyoophiyaa keessa jiruu fi ataakaroon akkasumas madda walitti bu’iinsaa kan ture bu’aa aadaa siyaasaa boodatti hafaan nurratti fe’edha jedheera tajaajilichi. Rakkoo kana maddasaarraa furuu fi dhimmoota buyyaa fi garaagarummaawwanii fi dhaadhessummaa ajandaawwan biyyaalessaarratti mul’atan fageessuuf mariin biyyaalessaa dhimma murteessaadha jedheera. Ibsi tajaajila komunikeeshinii mootummaa akka armaan gadiitti dhihaateera- Aadaan nageenyaa akka jiraatuu fi aadaan siyaasaa qaroome ijaaramee Itiyoophiyaanonni rakkoosaanii rakkoosaanii mariidhaan yaadaan qofa furuu qabu amantaa jedhu qaba mootummaan. Hojiirra oolmaa isaaf ammo mootummaan hojjechaa jira. Mariin biyyaalessaa hunda hammataan Itiyoophiyaatti eegalame garaagarummaa keenya karaa qaroomee fi karaa nagaa furuuf carraa arganne kan bakka bu’ummaa hin qabnedha. Carraan kun qaamlee hundaaf kan baname eenyuuniyyuu kan hin qoonne carraa marii hammataadha. Carraa kanatti fayyadamuuf Hundi keenya qophaa’uu qabna. Carraan kun aadaa siyaasaa keenya badaa duudhaa obbolummaa qabnu nu jalaa dadhabsiise yaaluun fayyisuurra darbee nageenya waaraa mirkaneessuuf dhimma ijoodha. Carraan kun dhimmoota keenya bu’uraarratti waliigaltee biyyaalessaa uumuuf, sirna demokiraasii gabbachaa deemu ijaaruuf akkasumas wal amantaa jidduu keenyatti uumuun walta’insaa fi tokkummaa ummattootaa mirkaneessuuf shoora bakka hinbu’amne ni qabaata. Waraannii fi warraaqsi furmaata guutuu akka hin finne seenaa Itiyoophiyaa keessatti qabatamaan kan mirkanaa’edha. Mo’annaa karaa lamaanuu argame kan yeroo fi deebisee haaloo fi jibba kanfidu ta’uunsaa irraa baranneerra. Itiyoophiyaanonni bara dheeraaf aadaa dinqisiisaa rakkoo fi waldabdee jidduusaanii jiru marii fi marabbaan furuu dandeessisu qabu ture. Garuummoo duudhaan kun sababa aadaa siyaasaa boodatti hafaa gabbachaa dhufeen oolee bulee dimimmisee seenessaan baaqqee addaan qoqqoodu kan ittiin beekamnu ta’uurra gaheera. Biyyoonni addunyaa hedduun afuura garaagarummaa dhaadhessummaa fi walitti bu’iinsa keessaa bahuuf marii biyyaalessaa akka furmaataatti fayyadamaniiru. Nutis kana gochuuf waanti nu rakkisu akka hin jirre duudhaaleen aadaa keenyaa bakkeewwan garagaraa jiran agarsiiftuudha jedhaniiru. Kanaaf furmaata fulla’aa fiduuf fedhii siyaasaa haqa qabeessaaf garalaafummaan marii kennanii argachuunii fi furmaata waloof hundi gumaacha taasisuuf ka’uu qaba. Maraammartoon walitti bu’iinsaa fi waraanaa dabarsine gahuu qaba kan itti jennu ammadha. Walitti bu’iinsaan moataa kan hin qabne maraammartoo badii waan ta’eef marii biyyaalessaa milkaa’aa gochuu, rakkoolee karaa nagaa furuu, olaantummaa seeraa mirkaneessuun biyya Itiyoophiyaanota hundaaf mijattu ijaaruu fi hunda keenya mo’ataa gochuuf nu gargaara. Kanaaf qaamni hundi marii kanarratti dammaqinaan akka hirmaatu carra Kanaan waamicha dabarsina. Mariin mo’annaa waloof, mariin nageenya fulla’aa fi ijaarsa mootummaa cimaaf! Tajaajila komunikeeshinii mootummaa Mudde bara 24/2018
Imalli Badhaadhina keenyaa hundarraa hundaatiin, hundaaf akka ta’u ni hojjenna - Obbo Adam Faaraah
Jan 1, 2026 206
Mudde 23/2018 (ENA) - Imalli kallattii badhaadhina diinagdee keenyaa hundarraa hundaatiin, hundaaf akka ta’u ni hojjenna jedhan Sadarkaa itti aanaa Ministira Muummeetti itti aanaatti Hogganaan Giddugala Qindeessa Ijaarsa Sirna Dimookiraasii fi Pirezidaantii itti aanaan Paartii Badhaadhinaa obbo Adam Faaraah. Akka obbo Adam Faaraah jedhanitti, Mootummaan Ida’amuu yaadama Ida’amuutiin qajeelfamu gaheewwan dinagdee afur irratti xiyyeeffata. Haaluma kanaan inni jalqabaa kallattii diinagdee damee hedduu hojiirra oolchuu ta’uu eeranii, ce’umsa caaseffamaa fiduuf diinagdee magariisaa haalota jijijjiiramoo dandamatu ijaaruun badhaadhina Itiyoophiyaa kan saffisiisu dha jedhan. Inni lammaffaa kallattii qooda fudhattoota hedduu ta’uu eeruun, qaamoleen diinagdee keessatti qooda qaban itti gaafatamummaa qeenxee fi waloo haalaan akka bahatan kan taasifamu ta’uu himaniiru. Adeemsa kana keessatti Mootummaan gahee adda duree kan bahatu ta’uu eeranii, dameewwan dameen dhuunfaa keessatti hin hirmaanne keessatti Mootummaan dammaqinaan invast kan taasisu ta’uu eeraniiru. Kan sadaffaan kallattii fayyadamummaa dameewwan hedduu ta’uu fi diinagdee hundi haqummaan fayyadamuu fi keessatti hirmaatu uumuudha jedhan. Haaluma Kanaan hundaaf carraa qixa ta’e uumuun hirmaannaa fi sosochii diinagdee saffisiisuun bu’aa isaarraa hundi haqummaan akka fayyadamuuf haala mijeessuu ta’uu eeranii, hojiin imalli badhaadhina keenyaa hundarraa hundaan, hundaaf akka ta’u gochuu ni hojjetama jechuun ibsaniiru. Kallattii arfaffaan tumsa Riijinii fi Idil-addunyaa cimsuu ta’uu ibsanii, badhaadhina gama maraa mirkaneessuun kan danda’amu warreen kaan waliin waltumsuun ta’uu himaniiru. Walitti hidhamiinsa dinagdeetiin, faayidaa waloorratti waloon hojjechuun, sirni haqa qabeessi akka jiraatu gochuunii fi oomishaaleen biyya keessaa gabaa addunyaa irratti carraa fooyya’aa akka argataniif tumsaan hojjechuuf xiyyeeffannoon kennamuu ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #ENA#TOI

Hawaasummaa
Birmadummaa gargaarsa namootaa mirkaneessuuf hojjechaa jirra-Itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa
Jan 3, 2026 109
Mudde 25/2018 (ENA)- Birmadummaa gargaarsa namootaa mirkaneessuuf hojjechaa jirra jedhan Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa. Manni Maree hoggansa hojii soda balaa Itiyoophiyaa har’a akka haaraatti caaseffame walgahii jalqabaa gaggeesseera. Dhaabbileen marii har’aarratti hirmaatan yaadama jijjiiramaa keessa kan galanii fi kutaalee hawaasaa garagaraa kan bakka bu’an kan keessa galfaman waan ta’eef, hojiilee waloomaan raawwannuun alatti dhaabbileesaanii keessatti gargaarsa namoomaa ofiin guuttachuuf hojii hojjennu keessatti qooda olaanaa qabu jedhaniiru. Manni maree haaraan kun imaammata haaraa, labsii fi fandii deebii soda balaa bu’uureffachuun, ummata hirmaachisuun hawaasa cimaa ijaaruu fi miidhaa balaawwan uumamaa fi nam-tolchee hir’isuun cimee ni hojjeta. Gargaarsa namoomaa ofiin guuttachuuf dandeettii sirnaawaa fi dhaabbatummaa cimsuun akka barbaachisu walgahii keenyaan walii galteerra geenyeerra. Akkaataa Rood maappiiwwan bara 2016 baatii gannaa bocaman irraa eegaluun kadhaa fi gargaaramuu oomishtummaan bakka buusuuf tumsi laanaan taasifamaa, bu’aanis argamaa jira,. Fandii soda balaaf deebii ta’u egereef ijaaruun, sadarkaa federaalaa fi naannoleetti kuufama ofeeggannoo gurmeessuu fi lammiileen keenya buqqa’an fulla’insaan damdamatanii gara oomishtummaatti akka deebi’an gochuun galma mootummaa keenyaati. Keessumaa muuxannoo gaarii hawaasni keenya wal deeggarsaaf qabuu fi duudhaa waliif birmachuusaa gabbisuun tumsi gargaaramuurraa gara oomishtummaatti naannawa jirrutti taasifnuuf xiyyeeffamaa guddaatu kennaaaf. Gufuuwwan imala birmadummaa gargaarsa namoomaa keenya mudatan beekumsaa fi ogummaan cehuu gaafata. Kanammoo laalcha ida’amuu fi hoggansa cimaan milkessuuf walii galleerra. Itiyoophiyaa birmadummaashee gargaarsa namoomaa mirkaneeffatte dhugoomsuuf akka biyyaatti hawaasa guutuu sochoosuun akka barbaachisu manni marichaa kallattii kaa’eera.
Hojiin qulqullina barnootaa fooyyessuuf dandeessisu hojjetamaa jira
Jan 3, 2026 76
Mudde 25, 2018 (ENAI)-Hojiin qulqullina barnootaa fooyyessuuf dandeessisu hojjetamaa jira jedhan Ministirri Barnootaa Piroofeesar Birhaanuu Naggaan. Yunivarsiitii Madda Walaabuutti waltajjiin marii roodmaappii fi imala jijjiiramaa Yunivarsiitichaa irratti xiyyeeffate gaggeeffameera. Piroofeesar Birhaanuu Naggaan wayita kana rakkoo qulqullina barnootaa mudate furuuf hojiileen hojjetaman bu’aa akka argamsisaniif qoodni ogeeyyii fi qaamolee qooda fudhattootaa olaanaadha jedhan. Damicha kufaatii keessaa baasuuf itti gaafatamummaa dhaloota har’aa waan ta’eef tattaaffiiwwan eegalaman akka milkaa’aniif hirmaannaan qaamolee qooda fudhattootaa cimuu akka qabus hubachiisaniiru. Keessumaa dhaabbileen barnootaa olaanoon damicha ceesisuun jijjiirama biyyaalessaa akka deeggaruuf riifoormiiwwan garagaraa hojiirra oolaa jiraachuu ibsaniiru. Hojiin ququllina barnootaa fooyyessuuf dandeessisu hojjetamaa jiraachuu kaasanii, bu’aan barbaadamu akka argamuuf hawaasni barnootaa imaanaa biyyaalessaa bahachuu akka qabu hubachiisaniiru. Ministirri Innoveeshinii fi Teeknooloojii fi Walitti qabaan Boordii Yunivarsiitichaa Doktar Ballaxaa Mollaan gama isaaniin, Yunivarsiitichi qabeenya uumamaa fi iddoowwan gahumsa tuurizimii qorannoon deeggaruun faayidaa hawaasaaf akka oolaniif xiyyeeffannoon hojjechaa akka jiru ibsaniiru. Pirezidaantiin Yunivarsiitichaa Doktar Birhaanamasqal Xannaa ammoo Yunivarsiitichi ergama isaa bahachuuf qaamolee qooda fudhattootaa waliin hojjechaa jiraachuu ibsan. Yunivarsiitichi keessattuu jijjiirama hooggansaa ji'oottan dabran as taasifameen rakkoolee waggoottan darban keessa mudachaa turan adda baasuun akka furamaniif karoora waggaa 10 nii qopheeffatuu eeran. Karoorri tarsiima'aan (road map) waggoottan kurnan dhufaniif hojirra oolu kanaan hojiilee milkaa'ina qabaniif Yunivarsiiticha ceesisan qooda fudhattoota hirmaachisuun kan hojjataman ta'uus eeran. Hirmaattonni waltajjichaas, qulqullina barnootaa mirkaneessuuf hojiileen jalqabaman caalaatti bu’a qabeessa akka ta’an gochuuf gahee irraa eegamu bahuuf qophaa’oo ta’uu isaanii ibsaniiru. Pirezidaantiin Yunivarsitichaa karoora tarsiima'aa waggoottan kurnan dhufan hojirra oolchuuf baafate Ministeera barnootaa fi Miseensota boordii Yunivarsiitichaatiif kennee jira.
Qulqullinaa fi waliin gahinsa tajaajila fayyaa mirkaneessuuf tumsi qooda fudhattootaa cimuu qaba-Doktar Maqdas Dhaabaa
Jan 3, 2026 78
Mudde 25/2018(ENA)- Qulqullinaa fi waliin gahinsa tajaajila fayyaa mirkaneessuuf tumsi qooda fudhattootaa cimuu akka qabu ministirri fayyaa Doktar Maqdas Dhaabaaibsan. Sirni eebbaa Habaarii meedikaal pilaazaa tajaajiloota Ispeeshaaliitii fi sab-ispeeshaaliitii 15 kennu gaggeeffameera. Kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee, ministirri fayyaa doktar Maqdas Dhaabaa, pirezidaantiin FDRI duraanii doktar Mulaatuu Tashoomaahooggantoonni mootummaa federaalaa fi bulchiinsa magaalaa Finfinnee saganticharratti argamaniiru. Qulqullinaa fi waliin gahiinsa tajaajila fayyaa lammiileef kennamu bal’isuudhaan imaammanni dhukkuba ittisuu fi waldhaananii fayyisuu jedhu hojiirra ooluusaa doktar Maqdas Dhaabaa wayita kana ibsaniiru. Fuulduras tarsiimoo dijitaala Itiyoophiyaa 2030 ka’umsa godhachuun dijitaalaayizeeshinii sirna fayyaa cimsuuf xiyyeeffatamee akka hojjetamu dubbataniiru. Dandeettii ogeeyyota fayyaa guddisuun, dhiheessii qorichaa ammayyeessuu fi oomishtoota biyya keessaa humneessuuf xiyyeeffatamee hojjetamaa akka jiru ibsaniiru. Fuulduras tattaaffii qulqullinaa fi waliin gahiinsa tajaajila fayyaa mirkaneesuuf taasifamu keessatti tumsi qooda fudhattootaa cimee itti fufuu akka qabu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaa olaanaan Habaarii Meedikaal Kolleejii doktar Akkezee Xaa’imee gamasaanii dhaabbani fayyaa kun Ispeeshaaliitii fi sab-ispeeshaaliitii 15niin waldhaanamtoota deddeebi’anii waldhaanamaniif tajaajila akka kennu dubbataniiru. Finfinnee akkuma maqaashee miidhagduu fi mijattuu ta’aa dhufuusheerraa kan ka’e dhaabbatichi tajaajila magaalattii fi ummata madaalu kennuuf kan akeekkate ta’uu ibsaniiru.
Rakkoolee jiran karaa marii biyyaalessaa fulla’insaan furuuf tattaaffii godhamu keessatti qooda keenya nibaana
Jan 3, 2026 80
Mudde 25/2018 (ENA)- Rakkoolee jiran karaa marii biyyaalessaa fulla’insaan furuuf tattaaffii godhamu keessatti qooda keenya bahuuf qophiidha jedhan dubartoonni naannoo Tigraayi magaalota garagaraa keessa jiraatan. Dubartoonni naannicha magaalaawwan garagaraa keessa jiraatan rakkoolee mariin furuun agarsiiftuu bilchinaa fi qaroominaa ta’uu ibsaniiru. Mariin biyyaalessaa hundeeffamee mariin hunda galeessi, hammataa fi hirmaachisaan Itiyoophiyaa keessatti akka taasifamu gochaa jiraachuu kaasanii, ummanni naannoo Tigraayis akkuma ummata naannolee biroo marichaaf carraa isa barbaachisa jedhaniiru. Jiraattuun magaalaa Maqalee siistar Kidaan Haaftuu, dubartoonnii fi daa’imman rakkoolee mudatan keessatti adda durummaan kan miidhaman ta’uu kaasanii, ijaarsa nageenyaa keessatti adda durummaan hiriiruun dirqama ta’a jedhaniiru. Rakkoolee Itiyoophiyaa keessa turan mariidhaan furuun nageenyaa fi tasgabbii fulla’aa fiduuf tattaafiin itti jiramu abdii guddaa fidee dhufuusaa ibsanii, carraan kun nu jala darbuu hin qabu jedhaniiru. Naannichatti jiraattuun godina kibba bahaa aanaa Wajaraat Israa Addii adde Taaddaluu Gabrahet gamasaaniin adeemsi marii hunda keenyaaf abdii ifaa qabatee kan dhufe waan ta’eef hojiirra oolmaasaaf qooda keenya bahuuf qophiidha jedhaniiru. Shamarreen Yordaanoos Gabrahawaariyaa, mariin ala rakkoolee jiraniif furmaanni akka hin jirre kaaftee, carraa kanatti dammaqinaan hirmaachuuf qophoofneerra jetteetti.
Diinagdee
Bu’uuraaleen misoomaa bakkeewwan hawwata tuuristootaa babal’achuun dorgomtummaa tuuriizimii Itiyoophiyaa fi hirmaannaa damee dhuunfaa guddisaa jira.
Jan 4, 2026 42
Mudde 26/2018(ENA)- Bu’uuraaleen misoomaa bakkeewwan hawwata tuuristii babal’achuun dorgomtummaa tuuriizimii Itiyoophiyaa fi hirmaannaa damee dhuunfaa guddisaa jiraachuu Ministirri Turizimi ibse. Dameen turizimii dameewwan mootummaan xiyyeeffannoo itti kennu keessaa tokko yoo ta’u, guddina diinagdee Itiyoophiyaaf utubaa ijoo kanneen jedhaman keessaa tokkodha. Itiyoophiyaan qabeenya turizimii seenaa fi aadaa hedduu kan qabdu yoo ta’u, kennaawwan kanneen immoo keessattuu erga jijjiiramaan asii haalaan itti fayyadamuu irratti hojjetamaa jiraachuu himameera. Ministeera Tuurizimiitti Daarektarri Olaanaa Damee Bu’uuraalee misoomaa Saamu’eel Haayilu ENAtti akka himanitti, mootummaan qabeenya turizimii hin misoomsamne karaa piroojektoota Maaddii Shaggar, Maaddii Biyyaa fi Maaddii Dhalootaa misoomsuu danda’een, bakka gahumsa turizimii mijataa taasisuu danda’eera.   Iddoowwan hawwata turizimii haaraa fi duraan turan haala miidhagina biyyattii jijjiiruu qofa osoo hin taane tuuristoonni hedduu gara Itiyoophiyaatti akka dhufan taasisaa jiru. Haaluma kanaan biyyattiin bakka filatamaa konfiraansii turizimii taasisuudhaan dorgomtummaa idil-addunyaa ishee guddachaa akka jirus dubbataniiru. Mootummaan abbootii qabeenyaa damee turizimii irratti hirmaataniif deeggarsa kennaafii jiraachuu eeruun, dameeleen dhuunfaas Finfinnee dabalatee naannoolee adda addaa keessatti bakkeewwan hawwata turizimii misoomsuun hirmaannaa isaanii guddisaa jiru jedhani. Gahee dameen dhuunfaa indaastirii turizimii keessatti qabu daran guddisuu fi qabeenya uumamaa fi namtolchee biyyattii daran addunyaatti beeksisuuf ciminaan hojjechuu akka itti fufus akeekkachiisaniiru. Hogganaan Waliigalaa Dhaabbata Tuu Laayit Tuur obbo Yittaayyawu Taarikuu gama isaaniitiin haalli mijataa fi bu’uuraaleen misoomaa mootummaan damee kana keessatti uume akka gara hojiitti seenaniif kaka’umsa guddaa akka isaaniif ta’e himaniiru.   Dhaabbanni isaanii daawwattoota gara kutaalee biyyattii adda addaatti geessuun bakkeewwan haaraa adda addaa barsiisuunii fi beeksisuun gumaacha taasisaa akka jirus dubbataniiru.
Godinichatti fayyadamummaa Misoomashayii guddisuuf  xiyyeeffannoon kennameera
Jan 4, 2026 34
Mudde26/2018(ENA)– Godina Iluu Abbaa Booritti shayii Kilaastaraan misoomsuun fayyadamummaa Diinagdee guddisuuf hojiiwwan hojjetamaa jiran cimanii itti fufuunsaanii hubatameera. Mootummaa Naannoo Oromiyaan Innisheetifiin bocameefii gosota Qonnaa bifa haaraan misoomaa jiran keessaa Muuzii, Avokaadoo, Ruuzii fi Shayiin kan eeramanidha.   Innisheetifiin misooma Shayii Godina Iluu Abbaa Booritti Aanaawwan hedduutti hojiirra oolaa kan jiru yoo ta’u , Waggoottan Sadan darban keessumaa mattuutti, Aanaawwan Alleena Haluutti kilaasteraan bal’inaan misoomaa jira. Waktii bonaa qabametti yeroo gannaa kan dhaabamanii fi buufata biqiltuu kan jiran hojin kunuunsaa Biqiltuu bal’inaan hojjetamaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa Godina Iluu Abbaaboor Beeksiseera. Kana cinaattis biqiiltuuwwan bara 2018/2019 dhaabbatan qophessuun xiyyeeffannoon kennamuu Itti Aanaan Waajjirichaa Obbo Awwal Mahaammad ENA’f ibsaniiru.   Kanaanis humna misoomaa hirmaachisuun biqiltuuwwan baala shayii miiliyoona 250 qopheessuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Hojiin qophii biqiltuu humna namaa bal’aa kan barbaadu waan ta’eef Aanaawwanitti hirmaannaa hawaasaan deeggaramee kan hojjetamu ta’uun ibsameera. Aanaa mattuutti qonnaan bultoota misooma shayiirratti gurmaa’an bobba’an, yeroo ammaa Biqiltuuwwan shayii dhaabbatan kunuunsaa jiraachuusaanii dubbataniiru. Hojiin Misooma shayii babal’isuuf karoora qabaachuu hordofee hojii qophii biqiltuurratti hirmaachaa jiraachuu ibsaniiru.   Misooni shayii galtee Industiriitiif kan ooluu fi qophii biqiltuurraa eegalee humna namaa bay’ee kan barbaadfu ta’uu waan ta’eef godinichatti carraa hojii bal’aa uumaa jedhamee kan abdatamu ta’uu ibsaniiru.
Faayidaa biyyaalessaa fi fedhii Itiyoophiyaa eegsisuuf tattaaffii taasifamu keessatti dammaqinaan ni hirmaanna-dargaggoota
Jan 3, 2026 66
Mudde 25/2018(ENA)- Faayidaa biyyaalessaa fi fedhii Itiyoophiyaa eegsisuuf tattaaffii taasifamu keessatti dammaqinaan akka hirmaatan dargaggoonni ENA’f yaada kennan ibsan. Ministirri dhimma alaa doktar Geediyoon Ximootiwoos mana maree bakka bu’oota 6ffaa bara hojii 5ffaa walgahii idilee 6ffaarratti raawwii dippilomaasii ilaalchisuun ibsa kennuunsaanii ni beekama. Ibsa kennaniin, karoora tarsiimawaa waggoota dheeraa gaaffii ulaa galaanaa Itiyoophiyaa, karaa faayidaa biyyaalessaa biyyaa fi dhalootaa hubannaa keessa galcheen deebii akka argatu hojiin dippilomaasii hojjetamaa jira. Haala Kanaan hojiileen dippilomaasii milkaa’oon ajandaa Itiyoophiyaan ulaa galaanaa itti argattu hawaasa idil addunyaaf hubachiisuu danda’an hojjetamuu ibsaniiru. Gaaffiin kun gara boqonnaa fudhatama idil addunyaa qabu attamiin haa raawwatamu jedhutti cehuusaa himaniiru. Dargaggoonni ENA’f yaada kennan akka ibsanitti, abbummaa ulaa galaanaa dabalatee tattaaffii faayidaa biyyaalessaa fi fedhii Itiyoophiyaa eegsisuuf taasifamu keessatti dammaqinaan ni hirmaatu. Kanneen keessaa dargaggoo Nugusee Warquu kka dubbatetti, dhimmi abbummaa galaanaa itiyoophiyaan ittii jirtu dhimma jiraachuu fi bu’ura abdii ifaa egereeti. Itiyoophiyaan seenaa guddaa fi uummata baay’ee qabaattulle, ulaa galaanaa dhabuunshee dinagdee fi birmadummaasheerratti gufuu uumuusaa dubbateera. Gaaffii seena qabeessaa fi dinagdee kana deebisuuf dargaggoonni adda durummaan hirmaachuun irraa eegama jedheera. Gaaffiin abbummaa ulaa galaanaa Itiyoophiyaan itti jirtu lafumaa ka’anii hawwuu yookaan qananii osoo hin taane, jireenyi biyyaalessaa biyyattii kan itti murtaa’u dhimma bu’uraati kan jedhe ammo dargaggoo Abduu Dinquudha. Kanaaf waltajjiiwwan idil addunyaa fi karaa marsariitii haqa qabeessummaa gaaffii ulaa galaanaa addunyaaf beeksisuuf akka hojjetu ibseera. Gaaffiin haqa qabeessi kun faayidaa biyyoota olla karaa hin miineen karaa misooma waloo fi dippilomaasiitiin nagaadhaan milkaa’uu akka qabu kaaseera. Dargaggoo Yooseef Abarraa abbummaan ulaa galaanaa Itiyoophiyaan gaafattu carraa keenya egeree kan murteessu boqonnaa guddaa ta’uusaa dubbateera. Gaaffiin ulaa galaanaa Itiyoophiyaan itti jirtu karaa nagaa, marii fi qajeelfama fayyadama walootiin galmaan ga’uuf qoodasaa akka bahu ibseera.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Tarsiimoon Dijitaala Itiyoophiyaa 2030 qulqullinaa fi dhaqqabummaa barnootaa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa qaba
Jan 4, 2026 33
Mudde 26/2018(ENA) – Tarsiimoon Dijitaala Itiyoophiyaa 2030 qulqullinaa fi dhaqqabummaa barnootaa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu deetaan Ministira Barnootaa Korraa Xushunee ibsani. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 yeroo ifatti eegalsiisan, Tarsiimoon Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2025 sadarkaa guutummaan guutuutti jechuun danda’amuun galma ga’uu isaa ibsuun isaanii ni beekama.   Deetaan Ministira Barnootaa Korraa Xushunee akka jedhanitti, filannoowwan teeknooloojii dijitaalaa sirnaan fayyadamuun qulqullinaa fi waliin gahinsi barnootaa akka mirkanaa’uuf murteessaa ta’uu ibsaniiru. Ariitii guddina idil addunyaa hordofuun, damee barnootaan hawaasa beekumsaa fi gahumsa qabu horachuuf tarsiimoon dijitaala Itiyoophiyaa 2025 gahee olaanaa taphatee darbeera jedhani. Keessumaa adeemsa baruu fi barsiisuu ammayyeessuunii fi kenniinsa qormaataa dijitaalawaa gochuun nageenya qormaataa eeguun danda’ameera jedhani. Itti dabaluunis, tarsiimoon kun dhaabbileen barnoota olaanoo dirree leenjii imala dijiitaalaayizeeshinii biyyattii deeggaran akka bananii fi humna namaa damichaan gahumsa qabu oomishuuf galtee akka argataniif haala mijataa uuma jedhan. Badhaadhina biyyattii mirkaneessuuf hojii ammayyeessuun eegalame daran haala mijeessuuf Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 mootummaan hojiirra oolchuu isaa ibsaniiru. Tarsiimoon kun lammiileen filannoowwan teeknooloojii dijitaalaatiin gargaaramuun, bakka jiran hundarraa barnoota isaanii akka hordofan kan taasisu ta’uu ibsaniiru. Tarsiimoon kunis dhaqqabamummaa barnootaa fi qulqullina walitti makuun bu'aa guddaa akka qabaatu hubachiisaniiru. Damee teeknooloojii dijitaalaa irratti humna namaa ogummaa qabu horachuuf akkasumas dhaabbilee barnoota olaanoo indaastirichatti dhiheessuuf ciminaan ni hojjanna jedhaniiru. Itti dabaluunis barattoonni beekumsa qabatamaa fi dandeettii teeknooloojii akka horatan kan taasisu ta’uu ibsaniiru. Bu’aa qorannoo dijiitaalaayizeeshinii hojiirra oolchuudhaan dameen barnootaa milkaa’ina tarsiimoo kanaaf itti gaafatamummaa biyyaalessaa eegamu ni fudhata jedhaniiru.
Waarfeerii elektirooniiksii fayyadamuun qananii osoo hin taane jaarraa 21ffaa keessatti  bu’ura birmadummaan biyyaa ittiin kabachiifamudha-Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa
Jan 3, 2026 104
Mudde 25/2017(ENA)- Waarfeerii elektirooniiksii fayyadamuun qananii osoo hin taane jaarraa 21ffaa keessatti bu’ura birmadummaan biyyaa ittiin kabachiifamu ta’uu utaamaajoor shuumiin humnoota waraanaa walii galaa FDRI Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa ibsan. Woorkishooppiin elektirooniik Warfeerii kan jalqabaa sadarkaa biyyaalessaatti mata duree “olaantummaan elektiroo maagineetiik Spektiremini birmadummaa biyyaaf” jedhuun waajjira olaanaa bulchiinsa nageenya neetwoorkii odeeffannootti har’a gaggeeffameera. Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa wayita kana akka jedhanitti, elektirooniik waarfeer qananiif osoo hin taane bu’ura birmadummaa biyyootaa jaarraa 21ffaati. Biyyoonni birmadummaasaanii kabachiisuuf falmii lafarraatti, galaana, qilleensaa fi Hawaa keessatti taasifamuun qofa fayyadamaa tiruu ibsaniiru. Yeroo ammaa waraanni ammayyaan kan gaggeeffamu dirree elektoroo maagineetiik spektiramii ijaan hin mul’annee fi maayikiroo kan ta’e carraa waraanaa kan murteessu keessatti ta’uu ibsaniiru. Haala Kanaan Itiyoophiyaan elektiroo maagineetiik speektiramii fayyadamuunshee nageenya qofaaf osoo hin taane dhimma jireenyaa ta’uus ibsaniiru. Bal’inni biyya keenyaa fi haalli ji’oo siyaasaa riijinichaa jijjiiramaa ta’e dandeettii qabatamaan ittisuuf qabnu waliin wal simuu qaba jedhaniiru. Daarektarri olaantuu bulchiinsa nageenya neetwoorkii odeeffannoo Tigist Hamiid gamasaaniin, dorgommiin ji’oo siyaasaa yeroo ammaa bifa jijjiirrachaa dhufuusaa ibsaniiru. Birmadummaasaan biyyaa kan kabajamu falmii lafarraatti, galaana, qilleensaa, Hawaa yookaan saayibariirratti gaggeeffamuun qofa akka hin taane himanii, elektoroo maagineetiik spektiramii ijaan hin mul’annee fi maayikiroon akka ta’e eeraniiru. Woorkishooppiin har’aa kun dame dorgommii kana ga’umsaan hubachuu fi speektiramicharratti olaantummaa amansiisaa hubachuuf kan dabdeessisu dandeettii biyyaalessaa guddisuuf akka ta’e ibsaniiru. Daarektar jeneraaliin tajaajila odeeffannoo fi nageenya biyyaalessaa ambaasaaddar Reedwaan Huseen dubbii dubbataniin akka ibsanitti, nageenyi biyyootaa kan mirkanaa’u, teeknooloojii odeeffannoo dursanii argachuun, speektiramicha to’achuunii fi diinni akka itti hin fayyadamne gochuuf dandeessisuun caalanii argamuudha. Barreeffamni ka’umsaa Seenaa dug-duubvee elektirooniks waarfeerii, muuxanoo biyyootaa yeroo ammaa, akkasumas haala Itiyoophiyaa har’aa fi boruu ilaallate itti aanaa daarektara olaanaa bulchiinsa nageenya neetwoorkii odeeffannoo obbo Daani’eel Guutaan dhihaatee mariin gaggeeffameera.  
Milkaa’ina Tarsiimoo Dijiitaala Itiyoophiyaa 2030’f Sagantaawwan leenjii yeroon gaafatu banamaa jiru
Jan 2, 2026 108
Mudde 24/2018(ENA)–Milkaa’ina Tarsiimoo Dijiitaala Itiyoophiyaa 2030’f Sagantaawwan leenjii yeroon gaafatu banamaa jiraachuun ibsame. Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad yeroo dijiitaala Itiyoophiyaa 2030 eegalchiisan, tarsiimichi dhaqqabamaa, haqa qabeessaa fi dirree dijiitaalaa Amansiisaa uumuurratti xiyyeeffachuu ibsaniiru.   Daarektarri Olaanaan Inistitiyuutii Leenjii Teeknikaa fi Ogummaa Doktar Buruk Kadir ENA’f akka ibsanitti, tarsiimoon Dijiitaala Itiyoophiyaa 2025 damee teeknikaa fi ogummaan jijiiramni abdachiisoon akka galmaa’an dandeessiseera. Fakkeenyaaf, Tarsiimichi Inistitiyuutichi Adeemsa leenjiisaa ammayyeessuun hubannoo namoonni Dijitaalayizeeshiniirratti qaban akka guddatu taasisaa jiraachuu ibsaniiru. Inistitiyuutichi kaayyoowwan tarsiimoon Dijiitaala Itiyoophiyaa 2030 milkeessuuf qabate waliin wal simsiisuun hojiirra oolchuuf sanada qopheessaa jiraachuu eeraniiru. Galmoota Tarsiimawaa Dijiitaalli Itiyoophiyaa 2030 milkeessuuf leenjifamtoota dandeettii dijiitaalaa fooya’aa qaban horachuun dhimma xiyyeeffannoon hojjetamu ta’uu hubachiisaniiru. Akaakuuwwan leenjii hubannoo namtolchee, nageenya saayibarii fi leenjiiwwan biroo milkaa’ina tarsiimichaaf qooda olaanaa akka qaban akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Dabalataanis ogeessa dandeettii dijiitaalaan gahoome horachuu fi teekinooloojiiwwan Dijiitaalaa haala fooya’een hojjechuuf dhaabbatichi galtee fi gurmaa’insaan of cimsaa jiraachuu beeksisaniiru.
Teekinooloojii humna cimaa qabu uumuuf hojiilee qorannoo cimsuun barbaachisaadha - Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa
Jan 1, 2026 103
  Mudde 23/2018(ENA) - Hogganaan Waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiildii Maarshaal Birhaanuu Juulaa dandeettii teeknooloojii cimaa uumuuf qorannoo bu’uuraa gaggeessuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru. Imaammanni Qorannoo fi Misooma Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa eebbiifi ijaarsi giddugalaa gaggeeffameera. Fiildii Maarshaal Birhaanuun wayita sanatti akka jedhanitti, qorannoo fi misoomni dandeettii dinagdee, hawaasummaa fi waraanaa biyya tokkoo ijaaruu fi dandeettii ishee sadarkaa olaanaatti ceesisuuf gahee olaanaa qaba. Dhaabbata irra darbee, qorannoo fi qo’annoo adda addaa guddina waliigalaa biyya keenyaa fi ardii keenyaaf gumaachan gaggeessuu fi qopheessuun argannoowwan haaraa babal’isuun akka barbaachisus himaniiru.   Biyya fi dhaabbata guddaa ijaaramuun kan danda’amu yaada haaraa yeroo hunda maddisiisuu, guddisuu, hordofuu fi qorachuu qofaan akka ta’e ibsaniiru. Haaluma kanaan teeknooloojii cimaa rakkoo furuu fi dantaa biyyoolessaa biyya keenyaa itti fufiinsaan eegsisu uumuuf hojii misoomaa fi qorannoo ammayyaa irratti xiyyeeffachuun barbaachisaa ta'uu ibsaniiru. Ajajaa Kolleejjii Raayyaa Ittisaa Waar Meejar Jeneraal Bultii Taaddasaan gama isaaniitiin, giddugalli kun milkaa’ina imala jijjiiramaa Raayyaa Ittisa Biyyaa keessatti gahee bakka hin buufamne qaba jedhamee amana jedhan. Dabalataanis, ijaarsa Raayyaa Ittisaa Ammayyaa keessatti gahee olaanaa qaba jechuun odeeffannoon Miidiyaan Oonlaayinii Raayyaa Ittisa Biyyaa ENAf erge ni ibsa.   Raayyaan Ittisaa Itiyoophiyaa damee nageenyaa fi teeknooloojii irratti wiirtuu yaadaa fi kalaqaa adda duree ta’uun dhaabbata sadarkaa addunyaatti dorgomaa ta’uuf haala dandeessisu akka uumus ibsaniiru.
Ispoortii
Dursaan liigichaa Bunni sidaamaa Hadiyyaa Hosaa’inaa waliin taphata
Jan 4, 2026 29
Mudde26/2018(ENA)–pirimar liigii Itiyoophiyaatti torban 13ffa oolmaasaa guyyaa 2ffaan taphoonni 4 gaggeeffamu . Galgala sa’atii 12:00 Hosaa’inaan Buna Sidaamaa waliin Istaadiyeemii Saayinsii fi Teekinooloojii Yuunvarsiitii Adaamaatti taphasaanii gaggeessu. Hadiyyaa Hosaa’inaa liigichatti taphoota 12 gaggeessee yeroo 4 yoo injifatu haaluma walfakkaatuun yeroo 4 mo’ameera. Taphoota hafan 4n qixaan adda baheera. Garichi qabxii 16n sadarkaa 9ffaa qabateera. Morkataansaa Bunni Sidaamaa gamasaan bara dorgomichaatti taphoota 12 gaggeesse keessaa 7 yoo injifatu ,yeroo tokko qofaa mo’ame . Yeroo 4 qabxii qooddateera. Bunni Sidaamaa qabxii 25n liigicha dursaa jira. Sidaamaan yoo injifate dursummaasaa ni cimsata. Hadiyyaa Hosaa’inaa yoo injifate yeroo 4ffaa injifannoo liigichaa galmeessa. Nagellee Arsii Machaal waliin guyyaa sa’aatii 7:00 Istaadiyeemii Finfinneetti taphatu. Guddaattuu haaraan Nagellee Arsiin Bara dorgomichaatti taphoota 12 gaggeessee 5n yoo injifatu 3n mo’ameera. Taphoota 4n qixa adda baheera. Taphichan qabxii 12 galmeessuun sadarkaa 7ffaa qabateera. Morkataansaa Machaal liigichatti taphoota 12 gaggeesse keessaa 4n yoo injifatu yeroo 2 mo’amera. Taphoota 6 hafaniin qabxii dhabeera. Garichi qabxii 20n sadarakaa 6ffaa qabateera. Nagellee Arsiin injifannoon itti fufuuf, Machaal gara Injifannootti deebi’uuf kan taassisanidha. Magaalaan shaggar Baankii daldala Itiyoophiyaa waliin guyyaa sa’aatii 9:00 Istaadiyeemii Saayinsii Fi Teekinooloojii Yuunvarsiitii Adaamaatti taphatu. Guddattuu Haaraan Magaalaan Shaggar qabxii 12n sadarkaa 17ffaa qabatee sadarkaa gad bu’aa keessatti argama. Baankin daldala Itiyoophiyaa qabxii 15n sadarkaa 11ffaa qabateera. Magaalaan Shaggar taphoota sadiin booda gara injifannootti deebi’uuf Baankii Daldala Itiyoophiyaa waliin injifannoo itti fufaa galmeessuuf taphata. Sagantaa biroon Bunni Itiyoophiyaa Midiregannat Shire waliin guyyaa sa’aatii 10:00 irratti taphatu. Bunni Itiyoophiyaa qabxii 15n sadarkaa 13faa qabateera. Midiregannet Shireen qabxii 14n sadarkaa 14 qabateera. Taphichaan Bunni Itiyoophiyaa inifannoo ittifufaa galmeessuuf , Midiregannat Shireen taphoota ittifufaa 4n booda gara injifannootti deebi’uuf kan taphatanida.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Godina Iluu Abbaa Booritti sululoota 257 irratti eegumsi biyyoo fi bishaanii niraawwatamu
Jan 3, 2026 76
Mudde 25/2018 (ENA)- Godina Iluu Abbaa Booritti misooma sululaa bonaatiin sululoota 257 irratti eegumsi biyyoo fi bishaanii akka raawwatamu waajjirri qonnaa godinichaa beeksise. Itti aanaa hogganaan waajjira qonnaa godina Iluu Abbaa Boor obbo Awwal Mahaammad ENA’f akka ibsanitti, hojiilee eegumsa biyyoo fi bishaanii waggoottan darban hojjetamaniin bakkeewwan miidhaman akka bayyanatan, bishaan lafa keessaa fi lafarraa akka gabbatu gochuusaaniitiin oomishtummaan akka dabalu godheera. Hojii misoomaa hojjetameen bosonnillee dabaluusaa dabalanii ibsaniiru. Baranas misoomni sululaa qindaa’aan sululoota 257 irratti ni gaggeeffama jedhaniiru. Kutaalee hawaasaa kuma 300 caalan misooma kanarratto hirmaachisuun lafa hektaara kuma 131 misoomsuuf qophiin xumuramuu eeraniiru. Qonnaan bultoonni godinichaa muuxannoowwan waggoottan darban itti fufsiisuun baranas cimanii hirmaachuuf qophaa’uusaanii dubbataniiru. Isaan keessaa jiraataan aanaa Bachoo ganda Bakkojjii qonnaan bulaan Abduu Suphaa, hojiileen eegumsa biyyoo fi bishaanii waggoottan darban hojjetamaniin laftisaanii Kanaan dura lolaadhaan dhiqamaa ture deebi’ee waan bayyanateef oomishnisaanii guddachuusaa kaasaniiru. Kana malees madden gogan deebi’anii waan bayyanataniif bona jallisiidhaan misoomsuun oomishnisaanii guddisuuf akka isaan gargaare dubbataniiru. Faayidaa eegumsa biyyoo fi bishaanii qindaa’aa qabatamaan waan arganiif hojii misoomaa barana raawwatamu irratti dammaqinaan akka hirmaatan dabalanii dubbataniiru. Jiraataa aanichaa kan ta’an obbo Taarikuu Ayyalaa eegumsa biyyoo fi bishaanii Kanaan dura hojjetamaniin naannawisaanii deebi’ee waan lalisee fi filmaanni bishaanii waan babal’ateef oomishnisaanii dabaluusaa dubbataniiru. Misoomni Sululaa iddoowwan miidhaman deebi’anii akka bayyanatan waan godheef hawaasa dadammaqsuun hojii kanarratti bal’inaan hirmaachisuuf akka hojjetan dubbataniiru.
Guyyoota kurnan itti aananitti haalli qilleensaa Gogaa, Aduu qabu kutaa biyyattii hedduutti itti ni fufa
Jan 2, 2026 130
Mudde 24/2018(ENA)– Guyyoota kurnan itti Aananitti haalli qilleensa Bonaa gogaa, Aduu fi qilleensa qabu kutaa biyyattii heduutti itti fufinsa akka qabaatu Inistitiyuutiin Meetiriyooloojii Itiyoophiyaa beeksise. Inistitiyuutichi ibsa ENA’f ergeen akka beeksisetti Kaabaa bahaa, Baha, gidduugaleessaa fi kutaa biyyattii kibbaatti qorri galgalaa fi ganamaa digirii seeliishiyeesii shanii gadi akka ta’u odeeffannoon raaga haala qilleensaa mul’isa. Dhiibbaa qilleensaa saayibeeriyaarraa ka’uun qilleensi gogaa fi qorraan gara biyya keenyaatti qilleensa’u akka ittifufu raagni haala qilleensaa ni mul’isa jedheera. Bakka tokko tokkootti qorri ganamaa fi galgalaa cimee akka ittifufu ibseera. Gama biroon taateewwan meetiriyoloojii rooba kennan irraa ka’uun kibba lixaa, lixa, Kaaba bahaa, fi kutaa biyyaattii gidduu galeessaatti darbee darbee bakka xiqqaatti roobni xiqqaan akka jiraatu beeksiseera. Mudannoowwan haala qilleensaa roobaa kutaa biyyattii kibbaa fi kibba bahaa bonni yeroo roobaa 2ffaa argatan haala foyya’aa akka qaban ibsameera. Naannoowwan rooba gannaan misooman haala qilleensaa gogaan kan eegamu yoo ta’u, bakkeewwan murtaa’etti roobni xiqqaan yeroo malee roobuu akka danda’u odeeffannon raaga haala qilleensaa akka mul’isu beeksiseera. Haalli qilleensaa goginsaa kun omishawwan gannaa omishamanii walitti qabamaniif haala mijataa akka uumu ni eegama. Sululawwan kibbaa fi kibba bahaatti argaman guyyoota kurnan itti aananitti bishaan lafarraa akka argatan ni abdatama. Bakkeewwan biroon haala qilleensaa gogaa bonaa keessa akka turan ni eeggama jechuun inistitiyuutichi beeksiseera,.
Dirree Dawaatti qabeenya biyyee fi bishaanii misoomsuun wabii nyaataa mirkaneessuuf gargaaraa jira
Dec 30, 2025 168
  Mudde 21/2018(ENA) - Dirree Dhawaatti qabeenya biyyee fi bishaanii misoomsuun wabii nyaataa mirkaneessuuf gargaaraa jiraachuu ibse Biiroon Qonnaa, Bishaan, Albuudaa fi Inarjii bulchiinsichaa. Bulchiinsichatti waktii Bonaa kana keessa lafa bishaan manca’e heektaara kuma 5 fi 550 irratti hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii akka raawwatamu himameera. Biiroo Qonnaa, Bishaan, Albuudaa fi Inarjii Bulchiinsichaattii Daarektarri Misooma Qabeenya Uumamaa fi Bulchiinsa Lafa Baadiyyaa Alii Ahimad ENAtti akka himanitti, waggoota darban keessatti hojiin kunuunsa biyyee fi bishaan sululoota gogan keessatti taasifamaa ture imala wabii nyaataa mirkaneessuuf taasifamu milkeessaa jira. Hojiilee kunuunsa biyyee fi bishaanii taasifameen burqaawwan deebi’uun damdamachuu jalqabuu, akkasumas misooma jallisii xixiqqaan gandoota baadiyyaa keessatti babal’achuu ibsaniiru. Kana malees kunuunsi qabeenya bishaanii fi biyyee oomishnii fi oomishtummaan akka dabalu taasisuun nyaanni beeladootaas akka argamu gargaareedha jedhan. Kunis wabii nyaataa qonnaan bultootaa mirkaneessuu danda’eera jedhan. Keessattuu dargaggoonnii fi dubartoonni waldaaleen misooma bishaan kuufamaa irratti gurmaa’uunii fi lafa qonnaa haaraa misooma bishaan kuufamaatiin uumame gara misoomaatti jijjiiruun irraa fayyadamoo ta’aniiru jedhani. Dhuma baatii kanaatti kan eegalamu misoomni bishaan kuufamaa, jiraattonni bulchiinsichaa kuma 37 fi 550 ol kan irratti hirmaatan ta’u jedhameera. Qonnaan bultoota yaada isaanii ENAf kennan obbo Adar Hasaniifi Adar Abdullaahii Yusuuf akka jedhanitti kunuunsi misoomni qabeenya bishaaniifi biyyeef taasisan kuni lafa gabbataan lolaan akka hin haqamne gochuun oomishaa fi oomishtumma isaanii dabaluu himan.   Keessattuu, misoomni burqaa bishaanii fi misoomni jallisii wabii nyaataa isaanii mirkaneessuuf akka isaan dandeessise, misooma bishaan bona bara kanaa irratti hirmaachuuf eeggachaa akka jiran hubachiisaniiru.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 16327
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 1449
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan.   Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru.   Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru.   Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.  
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015