Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Filannoon Waliigalaa Torbaffaan filannoo milkaa’aa ta’ee fi dimokiraasii Itoophiyaaf abdii kan uume yoo ta’u, Afrikaanotaaf fakkeenya ta’edha
Aug 7, 2026 10
Hagayya 1/2018 (ENA): Filannoon Waliigalaa Torbaffaan filannoo milkaa’aa ta’ee fi dimokiraasii Itoophiyaatiif abdii kan uume yoo ta’u, Afrikaanotaaf fakkeenya ta’uu itti gaafatamaan hariiroo hawaasaa fi idil-addunyaa Paartii Badhaadhinaa Dr. Biqilaa Hurrisaa ibsani.   Paartiin Badhaadhinaa bakka bu’ummaa ummataa Filannoo Waliigalaa Torbaffaa irratti argate gara bu’aa qabatamaa hawaasummaa, diinagdee fi kanneen birootti jijjiiruuf humna isaa hundaan akka hojjetu mirkaneessaniiru. Paartiin Badhaadhinaa Filannoo Waliigalaa Torbaffaa ilaalchisee hawaasa addunyaatiif ibsa kenneera. Waltajjicharra irratti akka himanitti Dr. Biqilaa Hurrisaan, paartichi Itiyoophiyaa keessatti jijjiirama fiduuf kutannoo guddaa qabaatee fi kaayyoowwan gurguddoo lama qabatee Filannoo Waliigalaa Torbaffaa seene jedhani. Kaayyoon jalqabaa, filannoo waliigalaa torbaffaan haala dimokiraatawaa, haqa qabeessa, nagaa fi bilisa taasisuun Itoophiyaanonni yaadaafi sagalee isaanii bilisaan ibsachuu danda’an haala mijeessuu akka ta’e ibsaniiru. Abdiin ummanni ijaarsa dimokiraatawaa biyyattiif qabu akka ba’uu fi dimokiraasiin irratti hundaa’uu paartichi itti gaafatamummaa isaa bahachuu isaa ibsaniiru. Kaayyoon Paartii Badhaadhinaa sagalee caalmaa argachuun mootummaa ijaaruu qofa osoo hin taane, filannoo bilisaa fi nagaa akka ta’uuf gahee adda duree taphachuu akka ta’e eeraniiru. Adeemsi kun filannoo milkaa’aa ta’ee fi dimokiraasiif abdii kan kennu ta’uu fi Afrikaanotaaf muuxannoo ta’uu akka danda’us hawaasa addunyaa yaadachiisaniiru. Paartichi sagalee caalmaa ummata Itoophiyaa irraa argachuun, mootummaa ijaaruuf aangoo ummataa haaraa injifachuu isaa ibsaniiru. Waggoota shanan dhufan keessatti paartichi manifestoo isaa gara karooraa fi tarsiimoo waadaa ummataaf gale hojiitti jijjiiruuf akka hojjetu ibsaniiru. Xiyyeeffannaan dimokiraasii Itiyoophiyaa tarkaanfachiisuu qofa osoo hin taane ummata hiyyummaa keessaa baasuu, birmadummaa fi wabii nyaataa mirkaneessuu, Itoophiyaa Afrikaa keessatti fakkeenya badhaadhinaa taasisuu akka ta’e dubbatani.   Waajjira Muummee Paartii Badhaadhinaatti Daarektarri Hariiroo Idil Addunyaa obbo Nabiyyuu Sehul gama isaaniitiin filannoo waliigalaa torbaffaan haala ajaa’ibaa ta’een akka gaggeeffame ibsaniiru. Waltajjiin har’aa kun irra caalaa hojiiwwan miidiyaa filannoo boodaa fi hariiroo idil-addunyaa filannoo booda raawwataman galmeessuuf kan qophaa’e ta’uu ibsaniiru. Waltajjicharratti ambaasaaddaroonnii fi dippilomaatonni biyyoota hedduu irraa Finfinnee keessa teessoo godhatanii waliin hojjachaa jiran akka argaman ibsaniiru. Paartiin Badhaadhinaa Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa 501 keessaa 438, Mana Maree Naannichaa 2,700 keessaa 2,410 akka injifate hubachiisaniiru. Akkasumas paartileen morkattootaa 8 teessoo argachuun mana maree bakka bu’oota ummataa keessatti teessoo 49 fi Mana Maree Naannichaa teessoo 246 akka argatan hubachiisaniiru.   Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Raashiyaa Evgeenii Terekihin haasaa isaanii keessatti filannoo biyyaalessaa torbaffaa milkaa’aa ta’e lammiilee Itoophiyaaf injifannoo guddaa ta’uu ibsaniiru. Seenaa Itoophiyaa ammayyaa keessatti taatee guddaa hawwii nagaa, badhaadhinaa fi misoomaa ummanni mirkaneesse ta’uu ibsuun, lammiilee Itoophiyaa hundaaf milkaa’ina hawwaniiru.   Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Yugaandaa Reebeekaa Amugee Oteengoo filannoo waliigalaa torbaffaa milkaa’inaan xumuramuu isaatiin ummata Itoophiyaa fi Paartii Badhaadhinaa baga gammaddan jedhan. Ibsa kana booda ambaasaaddaroonni, dippilomaatonni, bakka bu’oonni dhaabbilee fi miseensonni hawaasa addunyaa teessoo isaanii Finfinnee taasifatan agarsiisa dhaabbataa waajjira muummee Paartii Badhaadhinaatti gaggeeffame daawwataniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Paartiin Badhaadhinaa bakka bu’ummaa ummataa filannoo waliigalaa torbaffaa irratti argate gara milkaa’ina qabatamaatti jijjiiruuf humna isaa hundaan ni hojjeta-Doktar Biqilaa Hurrisaa
Aug 7, 2026 31
Hagayya 1/2018(ENA): Paartiin Badhaadhinaa bakka bu’ummaa ummataa filannoo waliigalaa torbaffaa irratti argate gara milkaa’ina qabatamaatti jijjiiruuf humna isaa hundaan ni hojjeta jedhan Hogganaan Damee Hariiroo Uummataafi Idil-addunyaa Paartii Badhaadhinaa Doktar Biqilaa Hurrisaa. Mootummaan Badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuuf kutannoon hojjechaa jiras jedhaniiru. Paartichi adeemsa ijaarsa diimokiraasii biyyattii fi raawwii filannoo waliigalaa 7ffaa ilaalchisee dippiloomaatota biyyoota alaa teessoo isaanii Finfinnee taasisaniif ibsa taasiseera.   Doktar Biqilaa Hurrisaa wayita kana injifannoowwan jijjiiramaan booda galmaa’an yaadama Ida’amuu kan giddugaleeffatan ta’uu ibsaniiru. Itoophiyaan hariiroo biyyoota addunyaa garaagaraa waliin qabdu cimsitee kan itti fuftu ta’uus eeraniiru. Wayita ammaa Paartiin Badhaadhinaa miseensoota miiliyoona 15.9 qabaachuu eeruun, kanaanis Afrikaarraa isa jalqabaa akkasumas sadarkaa idil addunyaatti paartii guddicha 11ffaarraatti kan argamu ta’uu himaniiru. Filannoo waliigalaa 7ffaaf lammiileen miiliyoonni 54 ol galmaa’uu ibsuun, filattoonni %94 kan irratti hirmaatan filannoo seenaa qabeessa tures jedhan.   Fillannichi injifannoo Itoophiyaanotaa fi Afrikaanotaa guddaa ta’uu eeraniiru. Adeemsa filannichaarratti miidiyaaleen idil addunyaa tokko tokko hubannoo dogoggoraa uumuuf yaalaniis ummanni abbummaan dhaabbachuun filannicha injifannoon xumuruu ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Labsiin nageenya saayibarii bu’uuraalee misooma gurguddoo faayidaa biyyaalessaa Itoophiyaa kabachiisuuf ga’ee olaanaa qaba
Aug 7, 2026 49
Hagayya 1/2018 (ENA ) Labsiin nageenya saayibarii bu’uuraalee misooma gurguddoo nageenya saayibarii mirkaneessuun faayidaa biyyaalessaa Itoophiyaa kabachiisuuf ga’ee olaanaa akka qabu Daarektarri Olaantuun Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo (INSA) aaddee Tigisti Hamiid ibsan. Daayrektarri olaantuun aaddee Tigisti Hamiid labsichaa ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kennaniiru. Ibsa isaaniitiinis labsichi waxabajjii 2 bara 2018 Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatiin ragga’uusaa eeraniiru. Eegumsi bu’uuraalee misooma gurguddoo imala ce’umsa diijitaalaa Itoophiyaa bu’uura nageenya saayibarii jabaa irratti ijaaruuf kan dandeessisu ta’uu kaasaniiru. Sagantaan Eenyummaa Diijitaalaa, sirni kaffaltii mobaayilaa fi bittaa elektirooniksii akkasumas pirojektoonni biyyaalessaa fakkaatan kun daataa hanga olaanaa ta’e kan maddisiisan ta’uu ibsuudhaan, nageenya odeeffannoowwan kanaa fi siistamootaa mirkaneessuun murteessaa ta’uu ibsaniiru. Kanaafuu hojiirra ooluun labsichaa nageenya saayibarii mirkaneessuun odeeffannoo lammiilee fi biyyaa miidhaa irraa ittisuudhaan olaantummaa odeeffannoo mirkaneessuuf tarkaanfii guddaa ta’uu ibsaniiru . Miidhaawwan bu’uuraalee misooma gurguddoo irratti gaggeeffaman dabalaa dhufuun isaa ba’uu labsichaaf sababa ta’uu ibsuudhaan, labsiin haaraan kun sodaa saayibarii bu’uura godhatee to’annoo fi sirna deebii ta’ee giddu-galeessa ta’e diriirsuuf kan dandeessisu ta’uu dubbataniiru. Akka labsichaatti bulchiinsichi dhaabbileen bu’uuraalee misooma gurguddoo guutuu qaban irratti qophii barbaachisaa ta’e akka godhan deeggaruun, eegumsa bu’uuraalee misooma gurguddoof kan gargaaran qajeelfamootaa fi istaandaardiiwwan qopheessuun dhimmoota caasaa seeraa keessatti kan hammataman ta’uu eeraniiru. Eegumsa bu’uuraalee misooma gurguddoo irratti ogeessa ga’umsa qabuu fi naamusaanis kan qophaa’e humna namaa gurmeessuun hojjetamuu isaa ibsaniiru. Dhimma labsichaa irratti hawaasaa fi qaamolee dhimmi ilaaluuf hojiin hubannoo uumuu kan raawwataman ta’us eeraniiru. Dhaabbileen abbaa qabeenyaa bu’uuraalee misooma gurguddoo ta’an ammoo ogeessa leenjifame bobbaasuu, ga’oomsuu fi qorannoo nageenyaa barbaachisaa ta’e gochuun akka irraa eegamu labsichi kan tumu ta’uu eeraniiru.
Magaalachatti rakkoo dhiyeessii qorichaa jiru furuuf hojii hojjetameen milkaa’inni olaanaa argameera
Aug 7, 2026 44
Hagayya 1/2018 (ENA) — Magaalaa Shaggaritti bara bajataa darbe rakkoo dhiyeessii qorichaa jiru furuuf hojii xiyyeeffannoon hojii hojjetameen milkaa’inni gaariin argamuu Waajjirri Fayyaa Bulchiinsa Magaalichaa beeksise. Itti gaafatamaan Waajjira Fayyaa Magaalaa Shaggar Obbo Abarraa Botoree ENAtti akka himanitti, Bulchiinsa Magaalaa Shaggaritti tajaajila fayyaa si’ataa fi dhaqqabamaa taasisuuf hojii hojjetu cinaatti tajaajila dhaabbileen fayyaa kennan fooyyessuu irrattis xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu himaniiru. Keessattuu bara bajataa darbe rakkoo dhiyeessii qorichaa dhaabbileen fayyaa magaalichaa qaban bu’uura irraa furuuf itti fayyadama teekinooloojii haalaan dabaluu fi manneen qorichaa moodeela hawaasaa babal’isuurratti xiyyeeffannoo addaan hojjetamuu himaniiru. Dabalataan magaalichaatti kanaan dura baajanni dhiyeessii qorichaaf dhihaatu gahaa waan hin taaneef damee kanarratti baajanni gahaan akka ramadamu taasifamuu eeraniiru.   Hojiiwwan rakkoo dhiyeessii qorichaa mudachaa ture furuuf hojjetaman keessaa dhaabbileen fayyaa Bulchiinsa Magaalichaa keessa jiran dhiyeessii qorichaa gahaa akka argatan taasifamuu himaniiru. Rakkoo dhiyeessii qorichaa furuun cinaattis magaalichaatti manneen qorichaa moodeela hawaasaa babal’isuudhaan hawaasni gatii madaalawwaan qorichoota dhaabbilee fayyaa keessattillee argamuu hin dandeenye hunda akka argatu taasifamuu ibsaniiru. Kanaafis bara bajataa darbe Bulchiinsa Magaalichaatti manneen qorichaa moodeela hawaasaa haaraan 8 ijaaramuun tajaajilaaf banaa ta’aniiru jedhan.   Magaalaa Shaggaritti bara bajataa darbe tajaajilamtoonni mana qorichaa moodeela hawaasaa qoricha dhaabbilee fayyaa irraa ajajameef dhibbeentaa 93 tajaajila barbaadan guutummaatti argachuu danda’uu himaniiru. Akkasumas, haqa qabeessummaa tajaajila fayyaa mirkaneessuuf tajaajilli inshuraansii fayyaa gahee olaanaa kan qabu ta’uu yaadachiisanii, bara bajataa darbe hawaasni faayidaa isaa hubachuun miseensa inshuraansii fayyaa akka ta’uuf hojiin bal’aan hojjetameera jedhaniiru. Haaluma kanaan, maatiin miliyoona tokko ol ta’an miseensa inshuraansii fayyaa ta’uu isaanii ibsanii, kunis hawaasni sodaa baasiif osoo hin saaxilamiin tajaajila fayyaa qulqulluu akka argatuuf haala mijataa uumeera jedhaniiru.  
Itoophiyaan hoggansa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahmad jalatti Afrikaa keessatti biyya humna guddaa qabdu ta'aa jirti – Miidiyaa Hindii Famas Firist Poost (Famous Indian Media First Post)
Aug 7, 2026 66
Hagayya 1/2018 (ENA): Itoophiyaan hoggansa Ministira Muummee Abiyyi Ahmad (PhD) jalatti Afrikaa keessatti biyya humna qabdu ta'uuf ce'aa jirti jechuun miidiyaan beekamaan Hindii Firisti Posti gabaaseera. Xiinxala gara daqiiqaa sagaliif Itoophiyaa irratti gaggeesseen, Firisti Posti Miidiyaan,Itoophiyaan biyya madda dhala namaa taate, lafa mootummoota durii, daandii daldalaa fi bu’uura seenaa Afrikaa ol’aanaa ta’uu hubachiiseera. Erga Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) gara aangootti dhufanii as biyyattiin boqonnaa haaraa hamma seenaa ishee darbee fi ulfina qabeessa ta’e ijaaruuf cimtee hojjechaa akka jirtu hubachiiseera. Hoggansa Ministira Muummee Dr. Abiyyitiin diinagdee guddummaa ishee ibsutti ce’aa jiraachuu fi kan naannichaa fi Afrikaa keessatti biyya humna jabaa qabdu ta’uuf kan dandeessisu fi egeree ardii kanaa bocu ijaaruuf hojjechaa jira. Waggoota dheeraaf addunyaan Itoophiyaa waraana, hongee fi tasgabbii dhabuu siyaasaatiin akka beektu yaadachiisuun, har’a biyyattiin jijjiirama gammachiisaa bu’uuraalee anniisaa, aviyeeshinii, albuudaa fi dinagdee dijitaalaa irratti jijjiirama gammachiisaa ta’een seeneffama jallifame kana jijjiiruuf hojjechaa jirti jedha gabaasichi. Itoophiyaan qormaata mudate irra aantee diinagdee Afrikaa saffisaan guddachaa jirtu keessaa tokko ta’uu dandeesse gaaffi jedhuuf deebisuun bal’inaan ibseera. Gaaffii ijoo kanaaf deebiin bal’aan kan argamu pirojektoota gurguddaa kaka’umsa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad jalatti hojjatamaa jiran kan egeree Itoophiyaa murteessan keessa akka ta’e ibsaniiru.   • Inni jalqabaa Warraaqsa anniisaa fi Hidha Haaromsa Guddaa Itoophiyaati. Imala jijjiirama Itoophiyaa keessatti wanti ijoo ta’e Hidha Haaromsa Itoophiyaa guddicha, pirojektii humna elektirikii bishaanii Afrikaa guddicha humna meeggaa waattii 5,000 ol maddisiisuu danda’u ta’uu Firsti Posti gabaaseera. Hidhichi bu’uura hawwii industirii Itoophiyaa, humna ibsaa maddisiisuu, sharafa alaa fi dhiibbaa naannoo ta’uu ibseera. Hidhicha adda kan godhu mootummaa fi ummanni Itoophiyaa, Baankii Addunyaa ykn Fandii Maallaqaa Idil-addunyaa irraa saantima tokkollee osoo hin liqeeffatiin, dhiiga, dafqaa fi maallaqa lammiilee Itoophiyaa biyya keessaa fi biyya alaa jiraataniin ijaaramee, Itoophiyaanonni matuma isaaniin abjuu isaanii galmaan gahuu akka danda’an agarsiisuu isaati. Hidhichi konkiriitii fi tarbaayinii caalaa Itoophiyaanotaaf hiika guddaa akka qabu kan ibsu gabaasni Firist Posti jedhamus siidaa of danda’uu fi walabummaa dinagdee ta’uu isaa xiinxalaan kaa’eera. Itoophiyaan humna ibsaa humna haaromfamuu danda’u Keeniyaa, Jibuutii fi Sudaanitti gurguruun gara galii guddaa maddisiisuutti jijjiiruun, naannoo Baha Afrikaa guutuuf wiirtuu walitti hidhamiinsa naannoo taatee jirti. • Guddina utubaa Dinagdee Itoophiyaa Aviyeeshinii fi walitti hidhamiinsa naannawaa Anniisaan qofaan isaa dandeettii dinagdee hin ijaaru; anniisaan industiricha kan kakaasu yoo ta’u, walitti hidhamiinsi daldala idil-addunyaa kan sooru ta’uu Firisti Posti gabaaseera. Daandiin qilleensaa guddichi Itoophiyaa, Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa, amma imala dorgomtummaa addunyaa guddaa ta’e eegaluu ibseera. Buufatni Xiyyaaraa Idil-addunyaa Bishooftuu doolaara biiliyoona 12.5’n saffisaan ijaaramaa kan jiru yoo ta’u, waggaatti imaltoota hanga miiliyoona 110 fi fe’umsa gara toonii miiliyoona 4tti dhiyaatu keessummeessuu danda’a. Guutummaatti yeroo xumuramu wiirtuuwwan aviyeeshinii addunyaa gurguddoo keessaa tokko ta’a jedheera. Pirojektiin kun wiirtuu geejjibaa guddaa Finfinnee, wiirtuu dippilomaasii Afrikaa fi idil-addunyaa, akkasumas Afrikaa kutaalee addunyaa biroo waliin kan walqunnamsiisu ta’a. Kanaaf Buufatni Xiyyaaraa Bishooftuu haaraan kun daldala, invastimantii fi turizimii, akkasumas tumsa dippilomaasii addunyaa irratti gahee olaanaa akka taphatuuf ijaaramaa jira.   • Invastimantii Albuudaa fi wabii nyaataa mirkaneessuun Gama biraatiin Itoophiyaan qabeenya albuudaa biyyee ishee jala jiru irratti xiyyeeffachuun warraaqsa misoomaa gaggeessaa akka jirtu xiinxalameera. Biyyattiin pirojektoota gurguddoo warqee fi albuuda baasuu biroo babal’isuun madda sharafa alaa haaraa maddisiisuudhaan industirii albuudaa ishee babal’isaa jirti. Warqeen saffisaan oomishaalee al-ergii Itoophiyaa keessatti adda duree ta’uun dinagdee yeroo dheeraaf qonna irratti hirkataa ture gara damee adda addaatti jijjiiraa jira. Gama biraatiin, gabaasni Gaazexaa Feristii Poostiin, jijjiiramni diinagdee kamiyyuu wabii nyaataa mirkaneessuu malee guutuu ta’uu akka hin dandeenye ibsee, qonni lafee dugdaa diinagdee Itoophiyaa ta’uu hubachiiseera. Mootummaan Ministira Muummee Abiyyi Ahimad (PhD)’n durfamu Itoophiyaan nyaataan of danda’uuf imala jijjiiramaa taasisaa jirtu keessatti bu’aa dinqisiisaa galmeessisaa jira jedha. Kanumaan walqabatee piroojektii kana keessatti wantoota ijoo ta’an keessaa tokko pirojektiin warshaa xaa’oo naannoo Somaaleetti ijaaramaa jiru yoo ta’u, waggaatti xaa’oo yuuriyaa gara toonii miliyoona 3 oomishuuf kan danda’u ta’uu ibsameera. Kunis hirkattummaa xaa’oo biyya alaatii galfamu hir’isuun oomishtummaa qonnaa Itoophiyaa akka dabalu ibseera. "Nageenyi nyaataa gidduu seentumaa tarsiimoo keenyaati. Galma sana galmaan ga'uuf galtee irratti hojjechuu qabna. Galtee irratti hojjechuu yoo dadhabne karaan wabii nyaataa galmaan ga'uu dandeenyu hin jiru" jedhu yaada Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad dabalatee uwwisa bal'aa kenneera. Dijiitaalaayizeeshinii, Invastimantii fi Riifoormii Gabaa Jijjiiramni Itoophiyaa keessatti deemaa jirus gara dijitaalaatti ce'aa jira. Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) leenjiin Inishiyeetiivii Koodaroota Miiliyoona 5 dursee milkaa’uu fi dargaggoonni hedduun dijiitaala dubbisuu fi barreessuu akka danda’an taasiseera jedhan. Haaluma walfakkaatuun walitti hidhamiinsi dijitaalaa babal’achaa kan jiru yoo ta’u, amma magaalota hedduu keessatti tajaajilli interneetii ‘4G fi 5G’ ni argama. Itoophiyaan dameewwan akka telekoomii, baankii fi gabaa kaappitaalaa waggoota kurnaniif cufamanii turan invastaroota biyya alaatiif banuu ishees jajataniiru. Gabaa kaappitaalaa eegaluun jijjiirraa kaappitaalaa dhuunfaa guddisuun guddina dinagdee keessatti gahee olaanaa akka qabus xiinxalaniiru. Haaromsi kun akka waliigalaatti dinagdee mootummaan to’atu irraa gara invastimantii damee dhuunfaatiin socho’utti jijjiirama bu’uuraa keessa akka jiru kan agarsiisu ta’uu ibseera. Qaala’iinsi gatii, rakkoon liqii, qormaanni nageenya naannoo fi dhiibbaan Galaana Diimaa (Red Sea) yoo jiraatanillee, Itoophiyaan miseensa ‘BRICS’ ta'uun, Baankii Addunyaa fi Chaayinaa waliin hariiroo cimsachuun dinagdee ishee jijjiiraa jirti. Kunis fuuldura ishee fi naannichaa kan jijjiirudha. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Kan mul'ate

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa

Mariin Biyyaalessaa Biyya Mijattuu Taate Dhaloota Dhaalchisuuf Haala Mijaataa Uumeera- Hirmaattota   
Aug 7, 2026 55
Hagayya 1/2018 (ENA): Mariin Biyyaalessaa gaggeeffamaa jiru biyya mijattuu taate dhaloota dhaalchisuuf haala mijaataa kan uume ta'uu hirmaattonni ibsan. Gumiin Marii Biyaalessaa Itoophiyaa Adoolessa 8/2018 irraa eegalee Gidugala Konvenshinii Addis Idil-addunyaa keessatti geggeeffamaa jiru akkuma itti fufetti jira. Bakka bu'oonni uummataa 4000 kanneen biyya keessaa fi ala jiraatan bakka bu'an ajandaawwan biyyaalessaa gurguddoo 8 irratti waliigalteerra gahuuf marii gadi fageenyaa fi hirmaachisaa gaggeessaa jiru. Hirmaattonni yaa’ii marii biyaalessaa irratti hirmaachaa jiran akka jedhanitti, mariin kun Itoophiyaanonni caalaatti akka wal-baraniifi walitti dhufeenya isaanii akka cimsatan carraa mijaataa uumeera. Yaa’ichaan garee gareedhaan ta'uun ajandaawwan biyaalessaa irratti yaada isaanii akka walii qoodan, dhimmoota nagaa fi misooma biyyaaf fayyadan irratti akka xiinxalan kan isaan dandeessise ta'uus ibsaniiru. Hirmaattota yaada isaanii ENAf kennan keessaa Obbo Dirribaa Tashoomaa mariin biyyaalessaa kun hirmaachisummaa qaamolee hawaasaa garagaraa kan mirkaneesse ta'uu dubbataniiru. Anis akka lammii tokkootti marii kana irratti dammaqinaan hirmaachuudhaan yaada hirmaattonni kaasan dhaggeeffachaa, yaada koo bilisaan ibsaan jira jedhaniiru. Yaa’ichi Itoophiyaa fooyyee qabdu ijaaruuf ajandaawwan biyyaalessaa irratti haala tasgabbaa'aa ta'een mari'achuun murteessaa ta'uu kan irraa barannedhas jedhaniiru. Wal dhaggeeffachuun mari'achuun aadaa ammayyummaa ta'uus hirmaataan kun dubbataniiru. Hirmaataan biraan Ajajaa Dhibbaa Ashannaafii Dibaabee gama isaaniitiin, dhimmoota biyyaalessaa gurguddoo irratti kanaan dura aadaa waliin mari’achuu waan hin qabneef Itoophiyaan rakkoolee garagaraatiif saaxilamtee turuu ishee kaasaniiru. Dhaloota itti aanuuf biyya mijaataa fi fooyya'iinsa qabdu ijaaruuf akkasumas aadaa marii gabbisuuf, amma mari'achaa jirras jedhaniiru. Yaa’iin marii kun hirmaachisaa waan ta'eef hirmaattota irraa barnoota fudhachuudhaan dhimmoota biyyaalessaa irratti ilaalcha fooyya'aa akka qabaatan kan dandeessise ta'uu kan dubbatan immoo hirmaataa biraa Jibiin Ahimadidha. Adeemsa marii kana keessattis yaada isaanii bilisaan dhiheessaa akka jiran dubbataniiru. Fuuldurattis adeemsa marii kanaan nagaa fi tasgabii ishee kan mirkanaa'e Itoophiyaa dhaloota itti aanuuf dabarsuuf itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaanii akka ba'atan mirkaneessaniiru. Hirmaataan biraa Kaliifaa Suleemaan gama isaaniitiin mariin kun Itoophiyaan rakkoolee ishee humnaan osoo hin taane minjaala irratti mariin kan furtuu ta’u kan itti agarsiisnudha jedhaniiru. Biyya ijaaruun kan danda'amu mariidhaan ta'uu dhalootaaf hubachiisuuf mariin kun kan gargaaru ta'uus dubbataniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Ukkaamsaa garee seeraan alaa ABUT irratti qabsaa’uu qabna- Dargaggoota Naannichaa
Aug 7, 2026 65
Hagayya 1/ 2018(ENA): Gochaa ukkaamsaafi waraanaaf kakaasuu garee seeraan alaa ABUT irratti qabsaa’uu qabna jedhan dargaggoonni naannoo Tigraay ukkaamsaa garichaa dheessan. Dargaggoonni kunneen uummannii fi dargaggoonni Tigraay gochaa ukkaamsaafi waraanaaf kakaasuu garee seeraan alaa ABUT balaleffachuufi irratti qabsaa’uu akka qaban ibsaniiru. Gareen seeraan alaa ABUT yeroo ammaa diinota seenaa Itoophiyaa waliin ta’uun dargaggoota Tigraay dirqiin waraanaaf ukkaamsuun Sudaanitti gurguraa akkasumas midhaa cimaa irratti raawwachaa jira. Dargaggoonni hedduunis soda irraa ka’uun naannawaa isaaniitii dheessaa jiru. Dargaggoo Gabrakiroos Hiluuf ENAtti akka himetti, dibbee waraanaa gareen seeraan alaa kun reebuu fi yakka inni raawwatu keessatti akka hin hirmaanneef jecha baqachuu ibseera. Waliigalteen nageenyaa Piriitooriyaa fedhii uummata Tigraay deebisuuf haala mijataa uumuu yaadachiisee, mootummaan federaalaas dhimmoota waliigalticharratti taa’an raawwachaa akka ture kaaseera. Faallaa kanaa gareen seeraan alaa ABUT waliigalticha cabsuun faayidaa uummata Tigraayiif dhimma akka hin qabne qabatamaatti agarsiiseera jedhe. Uummannii Tigraay kan barbaadu nageenya ta’us garichi fedhii uummataan ala dargaggoota dirqiin ukkaamsaa fi waraanaaf kakaasaa jiraachuu ibsuun, kunis kufaatiifi fudhatamummaa dhabuu garichaa kan agarsiisu ta’uu eereera. Gareen seeraan alaa kun Shaabiyaafi humnoota ergamtootaa biroo waliin qindaa’uun waraanaaf kakaasuun uummata Tigraay balaa hamaarra buusuuf sochii gochaa akka jiru eeruun, garee seeraan alaa kana hadheeffannee irratti qabsaa’uu qabna jedheera. Dargaggoo Tsaggaali’uul Barihee gama isaan, uummanni Tigraay waraanni nu gaha jechuun garee seeraan alaa kana balaaleffachaa akka jiru ibseera. Gareen seeraan alaa kun dargaggoota isa morman qofa osoo hin taane haadholii ijoollee keenya maaliif fudhattu jechuun gaafatan irrattis miidhaa geessisaa akka jiru dargaggoonni kunnee ibsaniiru. Nuti dargaggoonni qabsoo garee seeraan alaa kanarratti jalqabne cimsinee itti fufuu qabna jechuunis waamicha dhiyeessaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #  
Garee Seeraan Alaa ABUT jalaa Uummata Tigraay baraaruu barbaachisa - Qondaaltota Waraanaa Ol’aanoo duraanii
Aug 6, 2026 259
Adoolessa 30/2018 (ENA) : Gareen seeraan alaa ABUT waliigaltee nageenyaa Piriitooriyaa cabsuu fi Itiyoophiyaa dadhabsiisuuf humnoota alaa waliin tumsuun uummata Tigraayiin ammas gara waraanaatti galchuuf hojjechaa jira jedhan qondaaltonni waraanaa ol’aanoo duraanii. Gareen seeraan alaa kun heera mootummaatiin alatti lolaaf waamicha taasisuun dargaggoota dirqamaan leenjisaa fi filaa jiraachuus saaxilaniiru. Itamaajor Shuumiin Waliigalaa duraanii Humna Waraanaa Itoophiyaa Jeneraal Saamoraa Yenuus, uummanni Tigraay kana booda “waraanni na ga'eera” jechuu isaa cimsanii dubbataniiru. Jeneraalonni naannichatti argaman tokko tokko humna qabaatanii osoo hin taane, hojiiwwan misoomaa gufachiisuu fi jeequmsa barataniin faayidaa dhuunfaa isaanii kabajchiisuuf olola waraanaa oofaa akkaa jiran himaniiru. Jeneraal Saamoraan, caasaa ‘Tsimdo’ jedhamee waamamu ilaalchisee wayita ibsan, kun ergama badii Ijiptiin dursamuu fi Shaabiyaadhaan qindaa'e ta'uu dubbataniiru. Shaabiyaan uummata Tigraayif fira dhugaa osoo ta'e, bakkeewwan humnaan qabate kanneen akka Zaalaambassaa fi Iroob gadi dhiisa tures jedhaniiru. Dhugaa kana osoo beeku gareen seeraan alaa kun Shaabiyaa waliin tumsa uumuun isaa doofummaa fi uummata sana balaa irra kan buusu ta'uu ibsaniiru. Garaagarummaan siyaasaa kamiyyuu murteewwan furmaataa argachuu kan danda'an mareedhaan qofa ta'uu hubachiisaniiru. Qondaaltichi Waraanaa Ol’aanaan duraanii Koloneel Gabrawaahid Haayiluu gama isaaniitiin, gareen kun gaaffii diimokiraasii fi haqaa uummataatiif dantaa akka hin qabne ibsaniiru. Gareen seeraan alaa kun haguuggii “uummataafin dhaabbadha” jedhuun aangoosaa dheeressuu fi qabeenya kuufachuuf kan itti fayyadamu ta'uu dubbataniiru. Ofittummaa garee kanaarraa kan ka'e, uummanni Tigraay “ijoolleen keenya hafan ni dhumatu” sodaa jedhuun lubbuu fi jireenya gidduu akka jiraatu taasifamuus eeraniiru. Qaamoleen aangoof of nyaachaa jiran kunniin dhabamsiifamanii naannichatti haqnii fi jijjiirama dhugaan mirkanaa'uu akka qabu akeekkachiisaniru. Qondaaltonni waraanaa hangafootni lamaan, mootummaan Fedaraalaa rakkoolee karaa nagaa fi tasgabbiin furuuf imalli obsaa gochaa jiru baay'ee murteessaa fi filatamaa ta'uu isaas raajeffataniiru. Naannoo Tigraayitti garee seeraan alaa kanaan rakkoo fi sodaan waraanaa amma ni ga'a jedhamuu fi uummata Tigraayiin garee badii kana jalaa baraaruun akka barbaachisu waamicha dhiyeessaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Hirmaattonni marii dhimmoota Itoophiyaaf fayyadan irratti mari'achaa jiru - Komishinara Olaanaa Piroofeesar Masfin Ari’aayaa
Aug 5, 2026 375
Adoolessa 29/2018 (ENA): Hirmaattonni Yaa’ii marii biyyaalessaa irratti hirmaachaa jiran garaagaruumaa jiru dhiisuun dhimmoota bu'aa waloo biyyaa dursan irratti mari'achaa jiraachuu Komishinar Piroofeesar Masfin Ari’aayaa ibsan. Komishinarri Komishinii Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa Piroofeesar Masfin Ari’aayaa, yaa’ii Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa ilaalchisee miidiyaaleef ibsa kennaniiru. Yaa’iin Marii kun garee tarsiimo'aa 250 irratti mari'achaa jiraachuu komishinarri olaanaan ibsaniiru. Gareewwan tarsiima'aa 250 dhimmoota ramadaman irratti yaada kaasan irratti mari'achuun qaboo walga'ii qabachuun mallatteessuu eegaluu isaanii dubbataniiru. Adeemsi qaboo yaa’ii mallatteessuu har'a yoo xumurame yaa’iin tarsimo'aa gareewwan 500 boru akka eegalamu hubachiisaniiru. Mariin gareewwan tarsiimo'aa yaadota irratti taasisan har'a kan darbu yoo ta'e yeroon yaa’ichi 500 itti eegalamu akka dheeratuus dubbataniiru. Mariilee gareewwan kanaa keessatti yaadotni ka'an hedduun gara waliigalteetti kan geessan ta'uu eeruun, yaadotni tokko tokko qulqulleeffachuu bal'aa kan gaafatan ta'uu dubbataniiru. Hirmaattonni garaagarummaa yaadaa yoo qabaatanillee guddummaa Itoophiyaa ilaaluun mari'achaa jiraachuu fi gahee isaanii ba'aa jiraachuu dubbataniiru. Yaa’iin marii biyyaalessaa yeroo qabameefiitti haala gaariin gaggeeffamaa jiraachuu dubbataniiru. Yaa’iin Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa Adoolessa 8 bara 2018 irraa eegalee gaggeeffamaa jira.
Haaromsa kallattii hedduun waggoota darban keessatti gaggeeffame keessatti bu'aan milkaa'aan galmaa'eera – Obbo Adam Faaraah
Aug 5, 2026 272
Adoolessa 29 /2018 (ENA): Riifoormii roga hedduun waggoota darban keessatti gaggeeffameen bu’aan milkaa’aan galmaa’uu isaa Itti Aanaa Pireezidaantii Paartii Badhaadhinaa fi Hogganaan Waajjira Waliigalaa Paartii Badhaadhinaa obbo Adam Faaraah himaniiru. Waajjirri Waliigalaa Paartii Badhaadhinaa gamaaggama raawwii karoora bara baajata 2018 fi waltajjii seensa karoora bara baajata 2019 gaggeesse. Akka Itti Aanaa Pireezidaantii paartii Badhaadhinaa fi Hogganaan Waajjira Waliigalaa Paartii Badhaadhinaa obbo Adam Faaraah jedhanitti damee siyaasaa, dinagdee, hawaasummaa fi dippilomaasii irratti hojiin haaromsaa bal’aan galmaa’ee jira.   Akkasumas, sochii marii biyyaalessaatiin uumame fayyadamuun riifoormichi gara jijjiirama sirna siyaasaa guutuutti galmaan ga’uuf akka itti fufu ibsaniiru. Finxaaleyyii qolachuufi hariiroo paartilee lameenii guddisuufi dhaabbilee ciccimoo uumuuf hojiin istaandardii taasifamuu eegalame cimee itti fufuu akka qabus eeraniiru. Obbo Adam mootummaan Ida’amuu Paartii Badhaadhinaan durfamu hojii dhaabaa bu’a qabeessa ta’ee fi mootummaa cimaa fi biyya cimtuu ijaaru raawwachuu danda’uu isaa ibsaniiru.   Hogganaa fi miseensota dabalatee caasaa hunda sochoosuun hojiin misoomaa ummata fayyadamoo taasisu hojjetamuus ibsaniiru. Hoggansii fi miseensonni sadarkaa sadarkaan jiran itti gaafatamummaa itti kenname qulqullinaa fi gahumsaan raawwachuu akka qaban kan ibsan obbo Adam, bu’aa olaanaa bara baajataa keessatti galmaa’eef gumaacha hooggansaa fi hojjettoonni waajjirichaa taasisaniifis galateeffataniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Adeemsi yaa’ii Mariichaa Abdachiisaadha
Aug 5, 2026 247
Adoolessa 29/2018 (ENA): Adeemsi yaa’ii Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa abdachiisaa ta'uu hirmaattonni mariichaa ibsan. Yaa’iin marii biyyaalessaa guddaan Itoophiyaa Adoolessa 8 bara 2018 irraa eegalee wiirtuu Konveenshinii Idil-Addunyaa Addisitti gaggeeffamaa jira. Bakka bu'oonni ummata Itoophiyaa kuma afur biyya keessaa fi biyya alaa jiraatan dhimmoota ijoo saddeet irratti waliigaltee irra ga'uuf marii bal'aa fi hirmaachisaa ta'e gaggeessaa jiru.   Bakka bu'oonni uummataa yaa’icharratti hirmaatan ENA’f akka ibsanitti Walga’iin marii biyyaalessaa kun sagaleen Itoophiyaanota hundaa kan itti dhaga'amu, hirmaachisaa fi iftoomina kan qabu ta'uu ibsaniiru. Hirmaattota marii gidduutti tokko yaada namaa biroo kan dhaggeeffatan carraa gaarii kan uume, waliigaltee waloo kan ijaaruu fi abdachiisaa ta'uu ibsaniiru. Hirmaataan marichaa kan ta’an Obbo Caalaa Gaarummaa akka ibsanitti, gaaffiileen biyyaalessaa Itoophiyaa keessatti ka'an deebii argachuuf bara dheeraaf walitti bu'insii fi wal dhabbiin yeroo dheeraaf kan baratame taa’ee tajaajileera. Mariin karaa furmaataa fi waliigaltee bu'a qabeessaadha kan jedhan hirmaataan kun bakka bu'oonni ummataa kuma afur ta'an waliin ta'uun waa'ee biyyaarratti mari'achuuf carraan uumamuun isaa yaadaa haaraa ibsachuuf kan dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Aadaan ijaarsa biyyaa olaantummaa yaadaarratti hundaa’ee dagaagsuuf ashaaraa keenyaa kan itti keenyu carraa guddaa uumuusaa fi itti gaafatamummaadha jedhaniiru. Hirmaataan biraa Obbo Wandimmuu Gizaawu gamasaaniin, walgahichi dhaloota dhufuuf olaantummaa yaadaarratti kan hundaa'e waliigalteen kan keessatti uumame Itoophiyaa dabarsanii kennuuf bu'uura kan kaa'u ta'uu ibsaniiru. Adeemsi bu'a qabeessi yaa’ii marii biyyaalessaa kunis Itoophiyaa gara sadarkaa fooyya'uutti kan ceessisuu fi abdii kan namatti horu ta'uu dubbataniiru. Walgahichi qorumsa Itoophiyaan bara dheeraaf dabarsite mariidhaan furuun dhimmoota bu'uuraa biyyaalessaa irratti furmaata waliinii fi waliigaltee ijaaruuf gahee guddaa akka qabu kaasaniiru.   Dhimmoota gurguddoo biyyaalessaa irratti mari'atamu irratti marii bal'aa, hirmaachisaa fi ifaa ta'e taasifamaa jira kan jedhan immoo hirmaataa Obbo Taammannaa Haayiluuti. Marichaan iftoominaa fi hirmaannaan yaadni maddisiifamu waliigaltee waliiniirratti kan hundaa'e mootummaa biyyaalessaa cimaa ijaaruuf gumaacha gaarii akka gumaachaniif abdi qaban ibsaniiru.   Hirmaataa biroon Obbo Balaayinee Densaamoo gamasaaniin kan nu qoodanirra dhummoonni nu tokkoomsantu caala, marii keenyaanis nagaa waaraa, misoomaa fi guddina Itoophiyaatiif kan barbaachisu mijeessuuf mari'achaa jirra jedhaniiru. Yaa’iin marii biyyaalessaa kun qabxii garaagarummaa gara waliigaltee waliiniitti jijjiiruun, Itoophiyaa fooyyoftuu, nagaa qabduu fi badhaadhina mirkaneessite ijaaruuf carraa seenaa qabeessa ta'uu isaas ibsaniiru.  

Hawaasummaa
Magaalachatti rakkoo dhiyeessii qorichaa jiru furuuf hojii hojjetameen milkaa’inni olaanaa argameera
Aug 7, 2026 44
Hagayya 1/2018 (ENA) — Magaalaa Shaggaritti bara bajataa darbe rakkoo dhiyeessii qorichaa jiru furuuf hojii xiyyeeffannoon hojii hojjetameen milkaa’inni gaariin argamuu Waajjirri Fayyaa Bulchiinsa Magaalichaa beeksise. Itti gaafatamaan Waajjira Fayyaa Magaalaa Shaggar Obbo Abarraa Botoree ENAtti akka himanitti, Bulchiinsa Magaalaa Shaggaritti tajaajila fayyaa si’ataa fi dhaqqabamaa taasisuuf hojii hojjetu cinaatti tajaajila dhaabbileen fayyaa kennan fooyyessuu irrattis xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu himaniiru. Keessattuu bara bajataa darbe rakkoo dhiyeessii qorichaa dhaabbileen fayyaa magaalichaa qaban bu’uura irraa furuuf itti fayyadama teekinooloojii haalaan dabaluu fi manneen qorichaa moodeela hawaasaa babal’isuurratti xiyyeeffannoo addaan hojjetamuu himaniiru. Dabalataan magaalichaatti kanaan dura baajanni dhiyeessii qorichaaf dhihaatu gahaa waan hin taaneef damee kanarratti baajanni gahaan akka ramadamu taasifamuu eeraniiru.   Hojiiwwan rakkoo dhiyeessii qorichaa mudachaa ture furuuf hojjetaman keessaa dhaabbileen fayyaa Bulchiinsa Magaalichaa keessa jiran dhiyeessii qorichaa gahaa akka argatan taasifamuu himaniiru. Rakkoo dhiyeessii qorichaa furuun cinaattis magaalichaatti manneen qorichaa moodeela hawaasaa babal’isuudhaan hawaasni gatii madaalawwaan qorichoota dhaabbilee fayyaa keessattillee argamuu hin dandeenye hunda akka argatu taasifamuu ibsaniiru. Kanaafis bara bajataa darbe Bulchiinsa Magaalichaatti manneen qorichaa moodeela hawaasaa haaraan 8 ijaaramuun tajaajilaaf banaa ta’aniiru jedhan.   Magaalaa Shaggaritti bara bajataa darbe tajaajilamtoonni mana qorichaa moodeela hawaasaa qoricha dhaabbilee fayyaa irraa ajajameef dhibbeentaa 93 tajaajila barbaadan guutummaatti argachuu danda’uu himaniiru. Akkasumas, haqa qabeessummaa tajaajila fayyaa mirkaneessuuf tajaajilli inshuraansii fayyaa gahee olaanaa kan qabu ta’uu yaadachiisanii, bara bajataa darbe hawaasni faayidaa isaa hubachuun miseensa inshuraansii fayyaa akka ta’uuf hojiin bal’aan hojjetameera jedhaniiru. Haaluma kanaan, maatiin miliyoona tokko ol ta’an miseensa inshuraansii fayyaa ta’uu isaanii ibsanii, kunis hawaasni sodaa baasiif osoo hin saaxilamiin tajaajila fayyaa qulqulluu akka argatuuf haala mijataa uumeera jedhaniiru.  
Sagantaa tola ooltummaa Ganna kanaan naannoo Oromiyaatti tajaajilli yaalaa bilisaan kennamaa jira
Aug 6, 2026 155
Adoolessa 30/2018 (ENA): Biiroon Eegumsa Fayyaa Naannoo Oromiyaa sagantaa tola ooltummaa Gannaatiin tajaajilli yaalaa bilisaan kennamaa jiraachuu beeksise. Biiroon Fayyaa Oromiyaa sagantaa tajaajila fayyaa tola ooltummaa qindaa’e, kan Biiroo Fayyaa Oromiyaa godina Iluu Abbaa Boor fi Magaalaa Mattuu, Magaalaa Mattuutti qopheesse ifatti eegaluu isaa beeksise.   Akka Itti Aantuun Hoggantuu Biiroo Fayyaa Oromiyaa sistar Tigisti Tafarii himanitti ,sagantaa tola ooltummaa Gannaa naannichatti gaggeeffamaa jiruun namoota hanqina qabeenyaatiin kunuunsa fayyaa argachuu hin dandeenyeef tajaajilli bilisaa kennamaa jira jedhani. Kunis qabeenyaafi yeroo qusachuu, qaqqabummaa babal’isuu, akkasumas lammiileen guddina hawaasa fayyaa qabu keessatti dammaqinaan akka hirmaatan dandeessisuudha. Sistar Tigisti tajaajilli kun hojiiwwan qorannoo ittisaa fi wal’aansaa ittisa dhukkuboota daddarboo fi daddarboo hin taane irratti xiyyeeffate kan hammate ta’uus akeekaniiru. Haaluma kanaan, qorannoon ittisa dhukkuba ijaa, dhibee sukkaaraa, dhiibbaa dhiigaa, kaansarii harmaa fi gadameessaa; tajaajila qorannoo fi wal’aansa daa’immanii fi dubartoota ulfaa, akkasumas tajaajila sakatta’iinsaa fi wal’aansa hanqina nyaataa bal’inaan ni raawwatama.   Bulchaan Olaanaan godina Iluu Abbaa Boor obbo Indaalkaachoo Tafarii akka himanitti, hojiiwwan Godinicha keessatti tajaajila tola ooltummaatiin hojjetamaa jiraniin rakkoolee hedduun furmaata argachaa jiraachuu ibsaniiru. Dhaabbileen damee fayyaa keessatti ergama walfakkaataa qabanis dandeettii waloo isaanii cimsuu fi rakkoo hawaasummaa hawaasaa furuuf dandeettii waloo isaanii cimsuun tattaaffii taasisaa akka jiran ibsaniiru.   Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Mattuu obbo Tashaalee Ejersoo gama isaaniin hojiin tola ooltummaa damee hundaan hojjatamaa jiru rakkoo hawaasummaa fi diinagdee furuuf gargaaraa jira jedhan. Fayyadamtoota tajaajila kanaa keessaa Aadde Yerusaalam Tamasgeen tajaajila sakatta’iinsa dhukkuba sukkaaraa fi dhiibbaa dhiigaa bilisaan akka argatan himaniiru.   Obbo Gabayyoo Takkaas gama isaaniin, tajaajilli sakatta’iinsaa har’a argatan haala fayyaa isaanii dursanii akka beekanii fi gara fuulduraatti of eeggannoo barbaachisaa ta’e akka godhan kan isaan gargaaru ta’uu ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Duudhaan Raayyaa Ittisa Biyyaa, biyyaa fi ummata tiksuu bira darbee itti gaafatamummaa hawaasummaa isaa bahachuudha.
Aug 5, 2026 320
Adoolessa 29/2018 (ENA): Duudhaan bu’uuraa Raayyaa Ittisa Biyyaa hojii tola ooltummaa irratti dammaqinaan hirmaachuudhaan itti gaafatamummaa hawaasummaa isaa ba’uudha jedhan Daarektarri Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa Birgaadeer Jeneraal Hulluhaagarish Diras.   Hoggantoonnii fi miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa dhaabbata tola ooltummaa Maqadooniyaa daawwachuun deeggarsa meeshaa fi maaddii qooddataniiru. Akka Daarektarri Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa Birgaadeer Jeneraal Hulluhaagarish Darasiitti, Raayyaan Ittisa Biyyaa hojii tola ooltummaa adda addaa irratti dammaqinaan hirmaachuudhaan itti gaafatamummaa hawaasummaa isaa bahaa jira. Har’as dhaabbata tola ooltummaa Maqadooniyaa keessa jiru daawwachuun deeggarsa bal’aa taasisuu akka danda’es eeraniiru. Hojiin waldichaa "nama gargaaruuf nama ta'uu" qofti gahaa dha jedhu irratti kan hundaa'e namummaa guddaa kan agarsiisuu fi biyyaaf fakkeenya ta'uu eeruun, lammiilee deeggarsa barbaadan gargaaruun, nagaa biyyaa fi ummataa eeguun alatti, duudhaa bu’uuraa raayyaa ittisa biyyaa ta’uu ibsaniiru. Deeggarsi waliigalaa kun taatee yeroo tokkoo osoo hin taane, waldicha cinaa dhaabbachuun deeggarsa isaanii cimsuu kan itti fufan ta’uu mirkaneessaniiru. Maanguddootaa fi dhukkubsattoota deeggaruun itti gaafatamummaa nama hundaa ta’uu akka qabu hubachiisuun, ummanni Itoophiyaa guutuun, invastarootaa fi lammiileen biyya alaa jiraatan kaayyoo qulqulluu kana cinaa akka dhaabbatan waamicha dhiyeessaniiru.   Akkasumas, maanguddootaa fi dhukkubsattoota waldicha keessa jiraniif ergaa dabarsuudhaan, "Isin qabeenya biyya keenyaa fi imaanaa keenyaati; isin kophaa keessan miti, raayyaan ittisaa fi ummanni guutuun isin waliin jira" jechuun dhaamsa dabarsaniiru. Hundeessaa fi daayreektarri Waldaa tola ooltummaa Maqadooniyaa Biiniyaam Ballaxaa gama isaaniitiin, Raayyaan Ittisa Biyyaa deeggarsa meeshaa fi waldicha maaddii qooddachun isaatiif galata guddaa qaban ibsaniiru. Dhaabbileen biroos ta’e namootni dhuunfaa fakkeenyummaa Raayyaa Ittisa Biyyaa hordofuun waldichaaf deeggarsa danda’amu hunda akka taasisanis waamicha dhiyeessaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Diinagdee
Itoophiyaan hoggansa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahmad jalatti Afrikaa keessatti biyya humna guddaa qabdu ta'aa jirti – Miidiyaa Hindii Famas Firist Poost (Famous Indian Media First Post)
Aug 7, 2026 66
Hagayya 1/2018 (ENA): Itoophiyaan hoggansa Ministira Muummee Abiyyi Ahmad (PhD) jalatti Afrikaa keessatti biyya humna qabdu ta'uuf ce'aa jirti jechuun miidiyaan beekamaan Hindii Firisti Posti gabaaseera. Xiinxala gara daqiiqaa sagaliif Itoophiyaa irratti gaggeesseen, Firisti Posti Miidiyaan,Itoophiyaan biyya madda dhala namaa taate, lafa mootummoota durii, daandii daldalaa fi bu’uura seenaa Afrikaa ol’aanaa ta’uu hubachiiseera. Erga Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) gara aangootti dhufanii as biyyattiin boqonnaa haaraa hamma seenaa ishee darbee fi ulfina qabeessa ta’e ijaaruuf cimtee hojjechaa akka jirtu hubachiiseera. Hoggansa Ministira Muummee Dr. Abiyyitiin diinagdee guddummaa ishee ibsutti ce’aa jiraachuu fi kan naannichaa fi Afrikaa keessatti biyya humna jabaa qabdu ta’uuf kan dandeessisu fi egeree ardii kanaa bocu ijaaruuf hojjechaa jira. Waggoota dheeraaf addunyaan Itoophiyaa waraana, hongee fi tasgabbii dhabuu siyaasaatiin akka beektu yaadachiisuun, har’a biyyattiin jijjiirama gammachiisaa bu’uuraalee anniisaa, aviyeeshinii, albuudaa fi dinagdee dijitaalaa irratti jijjiirama gammachiisaa ta’een seeneffama jallifame kana jijjiiruuf hojjechaa jirti jedha gabaasichi. Itoophiyaan qormaata mudate irra aantee diinagdee Afrikaa saffisaan guddachaa jirtu keessaa tokko ta’uu dandeesse gaaffi jedhuuf deebisuun bal’inaan ibseera. Gaaffii ijoo kanaaf deebiin bal’aan kan argamu pirojektoota gurguddaa kaka’umsa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad jalatti hojjatamaa jiran kan egeree Itoophiyaa murteessan keessa akka ta’e ibsaniiru.   • Inni jalqabaa Warraaqsa anniisaa fi Hidha Haaromsa Guddaa Itoophiyaati. Imala jijjiirama Itoophiyaa keessatti wanti ijoo ta’e Hidha Haaromsa Itoophiyaa guddicha, pirojektii humna elektirikii bishaanii Afrikaa guddicha humna meeggaa waattii 5,000 ol maddisiisuu danda’u ta’uu Firsti Posti gabaaseera. Hidhichi bu’uura hawwii industirii Itoophiyaa, humna ibsaa maddisiisuu, sharafa alaa fi dhiibbaa naannoo ta’uu ibseera. Hidhicha adda kan godhu mootummaa fi ummanni Itoophiyaa, Baankii Addunyaa ykn Fandii Maallaqaa Idil-addunyaa irraa saantima tokkollee osoo hin liqeeffatiin, dhiiga, dafqaa fi maallaqa lammiilee Itoophiyaa biyya keessaa fi biyya alaa jiraataniin ijaaramee, Itoophiyaanonni matuma isaaniin abjuu isaanii galmaan gahuu akka danda’an agarsiisuu isaati. Hidhichi konkiriitii fi tarbaayinii caalaa Itoophiyaanotaaf hiika guddaa akka qabu kan ibsu gabaasni Firist Posti jedhamus siidaa of danda’uu fi walabummaa dinagdee ta’uu isaa xiinxalaan kaa’eera. Itoophiyaan humna ibsaa humna haaromfamuu danda’u Keeniyaa, Jibuutii fi Sudaanitti gurguruun gara galii guddaa maddisiisuutti jijjiiruun, naannoo Baha Afrikaa guutuuf wiirtuu walitti hidhamiinsa naannoo taatee jirti. • Guddina utubaa Dinagdee Itoophiyaa Aviyeeshinii fi walitti hidhamiinsa naannawaa Anniisaan qofaan isaa dandeettii dinagdee hin ijaaru; anniisaan industiricha kan kakaasu yoo ta’u, walitti hidhamiinsi daldala idil-addunyaa kan sooru ta’uu Firisti Posti gabaaseera. Daandiin qilleensaa guddichi Itoophiyaa, Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa, amma imala dorgomtummaa addunyaa guddaa ta’e eegaluu ibseera. Buufatni Xiyyaaraa Idil-addunyaa Bishooftuu doolaara biiliyoona 12.5’n saffisaan ijaaramaa kan jiru yoo ta’u, waggaatti imaltoota hanga miiliyoona 110 fi fe’umsa gara toonii miiliyoona 4tti dhiyaatu keessummeessuu danda’a. Guutummaatti yeroo xumuramu wiirtuuwwan aviyeeshinii addunyaa gurguddoo keessaa tokko ta’a jedheera. Pirojektiin kun wiirtuu geejjibaa guddaa Finfinnee, wiirtuu dippilomaasii Afrikaa fi idil-addunyaa, akkasumas Afrikaa kutaalee addunyaa biroo waliin kan walqunnamsiisu ta’a. Kanaaf Buufatni Xiyyaaraa Bishooftuu haaraan kun daldala, invastimantii fi turizimii, akkasumas tumsa dippilomaasii addunyaa irratti gahee olaanaa akka taphatuuf ijaaramaa jira.   • Invastimantii Albuudaa fi wabii nyaataa mirkaneessuun Gama biraatiin Itoophiyaan qabeenya albuudaa biyyee ishee jala jiru irratti xiyyeeffachuun warraaqsa misoomaa gaggeessaa akka jirtu xiinxalameera. Biyyattiin pirojektoota gurguddoo warqee fi albuuda baasuu biroo babal’isuun madda sharafa alaa haaraa maddisiisuudhaan industirii albuudaa ishee babal’isaa jirti. Warqeen saffisaan oomishaalee al-ergii Itoophiyaa keessatti adda duree ta’uun dinagdee yeroo dheeraaf qonna irratti hirkataa ture gara damee adda addaatti jijjiiraa jira. Gama biraatiin, gabaasni Gaazexaa Feristii Poostiin, jijjiiramni diinagdee kamiyyuu wabii nyaataa mirkaneessuu malee guutuu ta’uu akka hin dandeenye ibsee, qonni lafee dugdaa diinagdee Itoophiyaa ta’uu hubachiiseera. Mootummaan Ministira Muummee Abiyyi Ahimad (PhD)’n durfamu Itoophiyaan nyaataan of danda’uuf imala jijjiiramaa taasisaa jirtu keessatti bu’aa dinqisiisaa galmeessisaa jira jedha. Kanumaan walqabatee piroojektii kana keessatti wantoota ijoo ta’an keessaa tokko pirojektiin warshaa xaa’oo naannoo Somaaleetti ijaaramaa jiru yoo ta’u, waggaatti xaa’oo yuuriyaa gara toonii miliyoona 3 oomishuuf kan danda’u ta’uu ibsameera. Kunis hirkattummaa xaa’oo biyya alaatii galfamu hir’isuun oomishtummaa qonnaa Itoophiyaa akka dabalu ibseera. "Nageenyi nyaataa gidduu seentumaa tarsiimoo keenyaati. Galma sana galmaan ga'uuf galtee irratti hojjechuu qabna. Galtee irratti hojjechuu yoo dadhabne karaan wabii nyaataa galmaan ga'uu dandeenyu hin jiru" jedhu yaada Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad dabalatee uwwisa bal'aa kenneera. Dijiitaalaayizeeshinii, Invastimantii fi Riifoormii Gabaa Jijjiiramni Itoophiyaa keessatti deemaa jirus gara dijitaalaatti ce'aa jira. Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) leenjiin Inishiyeetiivii Koodaroota Miiliyoona 5 dursee milkaa’uu fi dargaggoonni hedduun dijiitaala dubbisuu fi barreessuu akka danda’an taasiseera jedhan. Haaluma walfakkaatuun walitti hidhamiinsi dijitaalaa babal’achaa kan jiru yoo ta’u, amma magaalota hedduu keessatti tajaajilli interneetii ‘4G fi 5G’ ni argama. Itoophiyaan dameewwan akka telekoomii, baankii fi gabaa kaappitaalaa waggoota kurnaniif cufamanii turan invastaroota biyya alaatiif banuu ishees jajataniiru. Gabaa kaappitaalaa eegaluun jijjiirraa kaappitaalaa dhuunfaa guddisuun guddina dinagdee keessatti gahee olaanaa akka qabus xiinxalaniiru. Haaromsi kun akka waliigalaatti dinagdee mootummaan to’atu irraa gara invastimantii damee dhuunfaatiin socho’utti jijjiirama bu’uuraa keessa akka jiru kan agarsiisu ta’uu ibseera. Qaala’iinsi gatii, rakkoon liqii, qormaanni nageenya naannoo fi dhiibbaan Galaana Diimaa (Red Sea) yoo jiraatanillee, Itoophiyaan miseensa ‘BRICS’ ta'uun, Baankii Addunyaa fi Chaayinaa waliin hariiroo cimsachuun dinagdee ishee jijjiiraa jirti. Kunis fuuldura ishee fi naannichaa kan jijjiirudha. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Godina Shawaa lixaatti Lafa hektaara kuma 184 ol irratti Boqolloon Kilaastaraan misoomaa jira
Aug 7, 2026 48
Hagayya 1/2018 (ENA) :Godina Shawaa Lixaatti oomsha gannaa bara kanaaan lafti hektaarri kuma 184 ol ta’u kilaastaraan misoomaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa ibse. Godinni Shawaa Lixaa haala qilleensa mijataa fi biyyee gabbataa qabuun godinaalee naannoo oromiyaa keessaa naannoowwan oomisha midhaaniin beekaman keessaa tokko dha. Godinichatti midhaan oomishaman ijoo keessaa boqqolloon sadarkaa duraa kan qabatu yoo ta'u, maatiwwan naannichaaf wabii nyaataa fi madda galii isa ijoodha. Naannichatti waggoota muraasa darban keessatti mala qonna kilaastaraan fayyadamuun qonnaan bulaan lafa xiqqaaqaban walitti qindeessuudhaan waliin akka qotan kan dandeessisuu dha. Sirni kunis teeknolojii fi galtee itti fayyadamuudhaan oomishtummaa guddisuuf, oomisha dabaluu fi hidhannoo gabaa uumuuf gahee olaanaa qaba. Itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa Godinichaa Obbo Tarrafaa Araarsaa ENA’f akka ibsanitti bara oomshaa 2108/19 yeroo gannaa kana lafti hektara kuma 219 fi 767 boqqolloodhaan facaafamuuf karoorfamuun karoorarra darbuudhaan lafti hektara kuma 226 fi 788 misoomsuun danda’ameera. Kana keessaa kan lafti hektara kuma 184 ol ta'u mala kilaastaraan misoomaa jiraachu beeksisaniiru. Keessumaa akka biyyaatti hiyyummaa balleessuu fi wabii nyaataa mirkaneessuuf kallattiwwan kaa’aman hordofuudhuun, naannichatti yaadota haaraa irratti hundaa’an gara hojiitti jijjiiruuf hirmaannaa qindoomina ummataa fi hoggansaa taassifamaa jira jedhaniiru. Kallattii kanaan teeknolojii qonnaa haaraa qonnaan bulaa beeksisuu fi barsiisuun, wabii nyaataa mirkaneessuun olitti gabaa fi Industiriif galteewwan dhiyeessuuf xiyyeeffannoon addaa kennamuu isaa eeraniiru. Bara oomshaa kana godinichatti lafa boqqolloon uwwifame irraa waliigalaan oomishni kuntaalli miliyoona 13 ni argama jedhamee akka eegamu ibsaniiru. Godinichatti bulchaan Aanaa Noonnoo Obbo Wandafiraash Luleessaa akka ibsanitti bara oomshaa kana aanichaatti lafti hektarri kuma 54 fi 433 midhaani addaddaan facaafamuura. Kana keessaa lafti hektara kuma 26 ta’u boqqolloodhaan misoomusaa eeraniiru. Qonnaan bultoonni aanichaa ENA’f yaada kennan akka dubbatanitti, duraan lafa hektara tokko irraa oomishni argatan kuntaala 12 kan hin caalle ta’uu ibsaniiru. Haa ta’u malee bara kana mala kilaastaraa kanaan boqqolloo misoomsuun hektara tokko irraa oomisha dachaa ol argachuuf karoorfatanii kunuunsa barbaachisaa ta’e gochaa jiraachuu ibsaniiru. Qonnaan bultoota kana keessaa Obbo Shallamaa Warquu mala kilaastaraa kanaan sanyii facaasuu isaanii eeranii, teeknolojii qonnaa ammayyaa fayyadamuun isaanii oomisha fooyya’aa akka eegan dubbataniiru. Qonnaan bulaan aanichaa biroon Obbo Garramuu Iddoosaa gama isaaniitiin, waggaa waggaatti gorsa ogeessaan deeggaramuun boqqolloo bal’inaan oomishuu isaanii fi bara kanaas oomisha fooyya’aa akka eegan dubbataniiru.
Itoophiyaan ulaa Galaana Diimaatti ishee baasu argachuuf bu’uura seenaa fi seeraa ni qabdi - Obbo Junaddiin Saaddoo
Aug 7, 2026 60
Hagayya 1/2018 (ENA) – Itoophiyaan ulaa Galaana Diimaatti ishee baasu argachuuf bu’uura seenaa fi seeraa ishee dandeesisu qabaachuu Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa duraanii Obbo Junaddiin Saaddoo himan. Obbo Junaddiin Saaddoo turtii ENA waliin taasisaniin, seenaa Itoophiyaa keessatti yeroon Itoophiyaan Galaana Diimaarraa adda baate waggoota soddomman darban qofa ta’uu yaadachiisaniiru.   Itoophiyaan Galaana Diimaa qofa osoo hin taane kallattii hedduun ulaa galaanaa qabaachaa turuu yaadachiisanii, shira keessaa fi alaan diinonni ishee yeroo hundaa biyyattii irratti raawwataniin Itoophiyaan ulaa galaanaa akka hin qabaanne kan taasifame ta’uu eeraniiru. Shira gareen ABUT fi Shaabiyaan hojjetaniin Itoophiyaa maqaa mootummaa ce’umsaan murtee uummataa malee ulaa Galaana Diimaa dhabuun Itoophiyaa qofa osoo hin taane biyyoota Gaanfa Afrikaa illee kan miidhe ta’uu Obbo Junaddiin ibsaniiru. Gareen kun lamaan dinagdee Itoophiyaa irraa argamuun humna waraanaa fi dinagdee isaanii cimsuuf yaaluun, Itoophiyaa dadhabsiisuuf shira diriirsanii akka turees himaniiru. Gaaffiin Itoophiyaan yeroo ammaa ulaa galaanaa argachuuf gaafachaa jirtu gaaffii yeroo isaa eeggatee fi deebii argachuu qabu ta’uu himanii, gara seeraatiinis ta’e gara dippiloomaasiitiin hojiin jalqabame cimee itti fufuu qaba jedhaniiru. Itoophiyaa biyya uummata miliyoona 130 qabdu ulaa galaanaa itti cufanii dhiibbaaf saaxiluun, Itoophiyaa qofa osoo hin taane biyyoota Gaanfa Afrikaa gama dinagdee fi hawaasummaan kan miidhu ta’uu ObboJunaddiin himaniiru. Gaaffiin ulaa galaanaa Itoophiyaan gaafachaa jirtu kun yeroo gabaabaa keessatti deebii quubsaa akka argatuuf hawaasni fi lammileen Itoophiyaa hundi tumsa barbaachisu akka taasisuu qabanis eeraniiru. Rakkoo keessoo Itoophiyaa furuu, uummattootaa fi biyyoota ollaa waliin mari’achuun faayidaa waloo irratti waliin hojjechuun barbaachisaa ta’uu isaa dubbataniiru.
Yeroon nu hin darbiin; Barri nu hin darbiin; Carraa Gaafa argannu itti haa fayyadamnu; Carraa yeroo argannu Misooma itti haa hojjennu-Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Aug 6, 2026 179
Ministirri Muummee haasawaa eebba tarminaala xiyyaaraa irratti dabarsaniin Carraa gara misoomaatti haa jijjiirru jedhani. Haasaan isaaniis akka armaan gadiitti dhiyaateera:   Boohaa jiraachuurra,umurii guutuunii, Maaliif hin qunxuuxu mirgi bitaadhaanii? Kuni walaloo Abbaa Nuuruuti. Magaalaa Bahaar Daar keessa obbo Ahimad Walloo ykn Abbaa Nuuruu kan jedhaman daldalaa Zayitaa turani. Maqaan Daldala Zayitichaa isaanii Afaan Amaaraan Qibee Leminee jedhama ture. Kunis hiikni isaa Zayitiin dhadhaa gadi akka hin taane kan agarsiisudha. Manguddoon kuni daldalaa zayitaa ta’uun alatti waan ittiin beekaman amala tokko qabu turani. Innis namoota galiidhaan isaan gadi jiruuf hojii uumuun ni gargaaru turani. Kunis isaan zayita kennuun warri irraa fuudhan immoo zayiticha qinxaaboon gurguraa,maallaqa isaa erga gurguranii deebisuufii turani. Maanguddoon kuni gaarummaa isaaniin nama baay’ee beekamoo turani. Namoota Maanguddoon kinu deeggaran keessaa dubartiin tokko jiru turani. Haati kuni yeroo hunda dhaqanii zayita fudhatu; gurguranii deebi’anii maallaqicha deebisanii zayita fudhatu. Yeroo hunda gaafa dhaqan garuu ni boo’u turani. Yeroo hundaa osooma boohanii zayita irraa fuudhanii qinxaaboon gurguru. Haalli kuni Abbaa Nuuruutti bitaa gallaan maaliif yeroo hunda gaafa dhuftanii maallaqa naaf kennitanii deebitan boossuu jedhee gaafata. Haati kunis akkas jedhanii deebisaniif,ijoollota laman qaba; ilmi inni tokko zayita isan isin irraa liqaan fudhadhu dhama’ee dadhabee gurguree maallaqa isaa naaf fida. Garuu ilmi koo inni biroon immoo haala ilaallatee dhokatee maallaqa sana na jalaa qisaasessa. Ilmi koo inni tokko na gargaara; inni kan biraan immoo na dhadhabsiisa jedhani. Kanaafi yeroo hunda gaddi natti dhagahama; kanan gadduu fi kanan boohu jedhanii deebisaniifi. Yeroo kana dhagahan obbo Ahimad Walloon, walaloo tokko walaleessanii jedhama. Kunis akkas jedha Afaan Amaaraan ’’Qanyuu yeserraahuun, Giraa kaa ferresee,hulluum xoomaadaarii,honee yaageree sawu’’ jedhanii jedhama. Achumaan itti dabaluun walaloo kan biraa ‘’ Aalqisoo kemenoor idimee zamanuunii, ayixonexixim woy qanyuu giraawuunii jedhanii’’ jedhama. Kana jechuun mirgi bitaadhaan yoo hin qunxuuxne, mirgi yoo bitaadhaan hin abboomne; tasgabbeessuu yoo hin dandeenye, Abdiiwwan argine, yaaliiwwan argine baduu danda’u. Yeroon nu hin darbiin; Barri nu hin darbiin; Carraa Gaafa argannu itti haa fayyadamnu; Carraa yeroo argannu Misooma itti haa hojjennu jedhani ergaa isaaniin Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad.   #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Labsiin nageenya saayibarii bu’uuraalee misooma gurguddoo faayidaa biyyaalessaa Itoophiyaa kabachiisuuf ga’ee olaanaa qaba
Aug 7, 2026 49
Hagayya 1/2018 (ENA ) Labsiin nageenya saayibarii bu’uuraalee misooma gurguddoo nageenya saayibarii mirkaneessuun faayidaa biyyaalessaa Itoophiyaa kabachiisuuf ga’ee olaanaa akka qabu Daarektarri Olaantuun Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo (INSA) aaddee Tigisti Hamiid ibsan. Daayrektarri olaantuun aaddee Tigisti Hamiid labsichaa ilaalchisuun miidiyaaleef ibsa kennaniiru. Ibsa isaaniitiinis labsichi waxabajjii 2 bara 2018 Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatiin ragga’uusaa eeraniiru. Eegumsi bu’uuraalee misooma gurguddoo imala ce’umsa diijitaalaa Itoophiyaa bu’uura nageenya saayibarii jabaa irratti ijaaruuf kan dandeessisu ta’uu kaasaniiru. Sagantaan Eenyummaa Diijitaalaa, sirni kaffaltii mobaayilaa fi bittaa elektirooniksii akkasumas pirojektoonni biyyaalessaa fakkaatan kun daataa hanga olaanaa ta’e kan maddisiisan ta’uu ibsuudhaan, nageenya odeeffannoowwan kanaa fi siistamootaa mirkaneessuun murteessaa ta’uu ibsaniiru. Kanaafuu hojiirra ooluun labsichaa nageenya saayibarii mirkaneessuun odeeffannoo lammiilee fi biyyaa miidhaa irraa ittisuudhaan olaantummaa odeeffannoo mirkaneessuuf tarkaanfii guddaa ta’uu ibsaniiru . Miidhaawwan bu’uuraalee misooma gurguddoo irratti gaggeeffaman dabalaa dhufuun isaa ba’uu labsichaaf sababa ta’uu ibsuudhaan, labsiin haaraan kun sodaa saayibarii bu’uura godhatee to’annoo fi sirna deebii ta’ee giddu-galeessa ta’e diriirsuuf kan dandeessisu ta’uu dubbataniiru. Akka labsichaatti bulchiinsichi dhaabbileen bu’uuraalee misooma gurguddoo guutuu qaban irratti qophii barbaachisaa ta’e akka godhan deeggaruun, eegumsa bu’uuraalee misooma gurguddoof kan gargaaran qajeelfamootaa fi istaandaardiiwwan qopheessuun dhimmoota caasaa seeraa keessatti kan hammataman ta’uu eeraniiru. Eegumsa bu’uuraalee misooma gurguddoo irratti ogeessa ga’umsa qabuu fi naamusaanis kan qophaa’e humna namaa gurmeessuun hojjetamuu isaa ibsaniiru. Dhimma labsichaa irratti hawaasaa fi qaamolee dhimmi ilaaluuf hojiin hubannoo uumuu kan raawwataman ta’us eeraniiru. Dhaabbileen abbaa qabeenyaa bu’uuraalee misooma gurguddoo ta’an ammoo ogeessa leenjifame bobbaasuu, ga’oomsuu fi qorannoo nageenyaa barbaachisaa ta’e gochuun akka irraa eegamu labsichi kan tumu ta’uu eeraniiru.
Milkaa'ina Naannoo Daldala Walaba Afrikaaf sirna safartuu fi safartuu amanamaa ijaaruun murteessaadha - Ministira Dr. Kaasahuun Gofee
Aug 5, 2026 264
Adoolessa 29/2018 (ENA): Sirna safartuu fi safartuu amanamaa ijaaruun milkaa’ina Naannoo Daldala Walaba Afrikaatiif murteessaadha jedhan Ministirri Daldalaa fi walitti hidhaminsa Naannawaa Dr. Kaasahuun Gofee. Yaa'iin Waliigalaa Dhaabbata Meetrooloojii Afrikaa 19ffaa mata duree "Metrooloojii Jijjiirama Dijiitaalaa; Safartuuwwan Amanamoon Egeree Afrikaaf" jedhuun Finfinneetti gaggeeffamaa jira.   Yaa’ii Waliigalaa kana irratti Ministirri Daldalaa fi walitti hidhaminsa Naannawaa Dr.Kaasahuun Gofee ; Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutii Meetrooloojii Itoophiyaa Dr. Mulugeetaa Darribaawu fi Pireezidaantiin Dhaabbata Meetrooloojii Afrikaa (AFRIMETS) Dr. Heenerii Kibeet Rootich , qondaaltota mootummaa olaanoo fi bakka bu’oota biyyoota Afrikaa adda addaa aragamaniiru. Ministirri Daldalaa fi walitti hdhaminsa naannawaa Dr. Kaasahuun Gofee wayita sana akka jedhanitti; Oomishaaleen biyya Afrikaa tokko keessatti oomishaman sakatta’iinsa qulqullinaa fi safartuu dachaa osoo hin darbiin bilisaan biyya tokko irraa gara biyya biraatti akka socho’an istaandaardii safartuu tokkummaa diriirsuun barbaachisaa dha jedhani. Ida’amuun daldala ardiilee bu’a qabeessa ta’uu kan danda’u biyyoonni sirna to’annoo safartuu walfakkaataa fi sadarkaa idil-addunyaatti fudhatama qabu yoo qabaatan qofa akka ta’e ibsaniiru. Itti dabaluunis sirna meetirooloojii ammayyeessuun dijiitaala gochuun Afrikaan hubannoo namtolchee fi teeknooloojiiwwan omishaa sadarkaa olaanaa qabaniif akka qophooftu taasisa jedhan. Bu’aan qorannoo laabraatoorii akka ardiitti fudhatama akka argatu gochuuf teeknooloojiiwwan dijitaalaa sirna meetrooloojii istaandaardii waliin walitti hidhuun danqaawwan daldalaa akka maqsus hubachiisaniiru. Dandeettii qorannoo laabraatoorii fi safartuu guddisuun danqaa daldalaa hir’isuu qofa osoo hin taane, daataa safartuu amanamaa ta’een ardii kana gara dinagdee dijitaalaatti akka ceetu kan deeggaru ta’uu ibsaniiru.   Itoophiyaan haaromsa dinagdee biyya keessaa isheetiin dandeettii dhaabbilee guddisuu, invastimantii biyya alaa hawwachuu, oomisha qulqullina qabu gara biyya alaatti erguuf hojjechaa akka jirtu hubachiisaniiru. Itoophiyaan michoota naannoo fi idil-addunyaa waliin hojjechuun istaandaardii meetirooloojii cimsuu fi walitti hidhaminsa dinagdee Afrikaa dhugoomsuuf kutannoo guutuu qabdu irra deebitee mirkaneessiteetti. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Ministirri Tiraansifoormeeshinii fi Innooveeshinii Dijitaalaa Beeniin, Mahunaa Akipiloogaan Tajaajila Giddugala iddoo tokkoo (Masoob) Federaalaa daawwatani
Aug 5, 2026 145
Adoolessa 29/2018 (ENA): Ministirri Tiraansifoormeeshinii fi Innooveeshinii Dijitaalaa Beeniin, Mahunaa Akipiloogaan Tajaajila Giddugala iddoo tokkoo (Masoob) Mootummaa Federaalaa daawwataniiru. Jilli Ministira Tiraansifoormeeshinii fi Innooveeshinii Dijitaalaa Beeniin Mahunaa Akipiloogaaniin durfamu daawwannaa hojii guyyoota shaniif Itoophiyaatti taasisuuf kaleessa galgala Finfinnee akka seenan ni beekama. Haaluma kanaan Ministirrii fi jilli isaanii yeroo ammaa Tajaajila kenninsa iddoo tokkoo (masoob) Federaalaa daawwachaa jiru.   Hojii gaggeessaan olaanaa masoob Federaalaa Yoonaas Alamaayyoo miseensota jila kanaaf ibsa kennaniiru. Hojii gaggeessaan olaanaa kun ibsa kennaniin, Tajaajilli kenniinsa iddoo tokkoo kuni waggaa tokko keessatti tajaajila mootummaa 200 ol karaa wiirtuu tokkicha bu’uuraalee misoomaa guutuu ta’een gahumsaan akka kennamuu dandeessisu ibsaniiru. Kunis bu’uuraalee dinagdee Itoophiyaa keessatti ijoo ta’uu fi tajaajilli mootummaa iftoominaa fi gahumsa akka qabaatu taasiseera, kunis madda komii baay’ee akka ture eeraniiru. Tajaajilli dhaabbata tokkoo hojii daldalaa fi invastimantii mijeessuuf bu’aa qabatamaa galmeessisuun isaa ni yaadatama. Tajaajilli kun dhaabbilee mootummaa walitti makuun tajaajilli mootummaa hundi mana tokko jalatti akka kennamu dandeessiseera jedhan. Turtii isaanii kanaan Ministirri Tiraansifoormeeshinii fi Innooveeshinii Dijitaalaa Beeniinii fi jilli isaanii dhimmoota waltajjiiwwan biyyoota lamaanii irratti mari’atamuu danda’an irratti hoggantoota olaanoo mootummaa waliin ni mari’atu.   Jijjiirama dijitaalaa, bulchiinsa mootummaa, kalaqaa fi bulchiinsa tarsiimoo irratti muuxannoo wal jijjiiruun ni eegama. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Itoophiyaan birmadummaan dijitaalaa kan mirkaneessu tarkaanfii kutannoo fudhachaa jirti - Itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa
Aug 5, 2026 165
Adoolessa 29/2018 (ENA): Itoophiyaan birmadummaa dijitaalaa kan mirkaneessu tarkaanfii kutannoo fudhachaa jirti jedhan itti aanaan ministira muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Imala jijjiirama dijitaalaa Itoophiyaa keessatti boqonnaa haaraa kan bane pirojektiin "Faayidaa Varsi" gaggeeffameera. Itti aanaan ministira muummee obbo Tamasgeen Xurunaa sirna banininsa piroojektii kanaa sababeeffachuun akka jedhanitti; Pirojektiin "Faayidaa varsi" hojii eegaluun isaa tarkaanfii seena qabeessa Itoophiyaan birmadummaa dijitaalaa isheef kutannoo cimaa qabdu kan agarsiisudha.   Sagantaan Waraqaa Eenyummaa Biyyaalessaa waggoota muraasa darban keessatti lafee dugdaa dinagdee dijitaalaa biyyattii ta’ee ijaaramuu isaa hubachiisuun, akkasumas hanga ammaatti lammiileen miliyoona 50tti siqan galmaa’uu isaanii ibsaniiru. Kunis waraqaa eenyummaa biyyaalessaa miiliyoona 13 ol kennuu, tajaajila mirkaneessa eenyummaa miiliyoona 160 ol kennuu, bu’uuraalee eenyummaa dijitaalaa damee dinagdee tarsiimoo 13 keessatti hundeessuun kan dabalatudha. Sagantaan waraqaa eenyummaa biyyaalessaa maqaa “Faydaverse” jedhuun Invastimantii Itoophiyaa Holdingis jalatti akka dhaabbata misooma mootummaatti irra deebiin gurmaa’uu ibsaniiru. Sagantaan kun giddugala bu’uuraalee misoomaa dijitaalaa Itoophiyaa mataasaa danda’e ta’ee akka tajaajilu hubachiisaniiru. Pirojektichi bara 2030tti oomisha biyya keessaa (GDP) Itoophiyaa dhibbeentaa 6’n dabaluu fi bu’aa diinagdee kallattiin doolaara biliyoonaan lakkaa’amu argamsiisa jedhamee akka eegamu ibsaniiru. Tajaajilli kun karaa ‘application FaydaPass’ fi oomishaalee dijitaalaa ammayyaa birootiin kan kennamu yoo ta’u, kunis dhaqqabummaa fi dandeettii furmaataa tajaajilichaa haalaan kan dabalu ta’uu hubachiisaniiru. Itti dabaluunis yeroo keenyatti daataa utubaa dinagdee fi birmadummaa ijoo waan ta’eef teeknooloojiiwwan nageenya saayibarii ammayyaa fi imaammattoonni bulchiinsa daataa ciccimoon itti fufiinsaan hojiirra oolchuun nageenya odeeffannoo biyyaalessaa mirkaneessuu akka qaban ibsaniiru. Teeknooloojiin hawaasa baadiyyaa fi magaalaa walitti hidhuu, qaqqabummaa tajaajilaa babal’isuu fi hiyyummaa hir’isuuf gargaaruu akka qabu ibsaniiru. Hubannoo dijitaalaa lammiilee guddisuun qaama ijoo tarsiimoo ta’uu akka qabu cimsanii dubbataniiru. Tarsiimoo Dijitaal Itoophiyaa(“Digital Ethiopia 2030”) jedhuun walsimsiisuun muuxannoo bu’uuraalee misoomaa dijitaalaa biyyoota Afrikaa biroo waliin qooddachuuf hojiin eegalame cimee itti fufa jedhaniiru. Kunis tumsa ardiilee fi dippilomaasii dijitaalaaf bu’uura cimaa akka ta’u ibsaniiru. Dhaabbanni Invastimantii Itoophiyaa akka fandii qabeenya birmadumaa biyyattiitti qabeenya biyyaalessaa haala bu’a qabeessa ta’een bulchuuf hojjechaa jiraachuu eeraniiru. “Fayidaa varsi” maatii kanatti makamuun isaa tarkaanfii seena qabeessa eenyummaan dijitaalaa akkuma daandii, humnaa fi telekoomii bu’uuraalee tarsiimoo murteessaa ta’uu isaa mirkaneessu ta’uu ibsaniiru. Ogeessota teeknooloojii, hoggantoota dhaabbatichaa, hojjettootaa fi michoota misoomaa milkaa’ina kana dhugoomsuuf gumaachan galateeffataniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Ispoortii
Ciminni Ispoortii ummataa dhaloonni fayyaa buleessi akka jiraatu gochuun olitti duudhaa waloomaa niguddisa
Jul 11, 2026 2898
Adoolessa 4/2018 (ENA)- Ciminni Ispoortii ummataa dhaloonni fayyaa buleessi akka jiraatu gochuun olitti duudhaa waloomaa kan guddisu ta’uu komishiniin ispoortii naannoo Hararii beeksise. Magaalaa Hararitti kan argamu bakka bashannanaa Abaadir Pilaazaatti sosochiin qaamaa gaggeeffameera. Hoggantoonni olaanoo naannichaa, qopheessitoonni fiigicha guddichaa Itiyoophiyaa, hojjettoonni waajjiraalee sektarootaa, dargaggoonni, daa’immanii fi jiraattonni magaalaa hedduun saganticharratti argamaniiru. Komishinariin komishinii ispoortii naannichaa obbo Muraad Abdii wayita kana akka jedhanitti, sosochiin ga’umsa qaamaa cimina qaamaa guddina sammuu akkasumas lammii fayya buleessaa fi ga’oomaa horachuuf faayidaa inni qabu ibsaniiru. Sosochiin ga’umsa qaamaa faayidaa fayyaarra darbee duudhaa waloomaa lammiilee kan guddisuu fi dhaloota ofitti amanu bocuuf faayidaa olaanaa akka qabu dubbataniiru. Hojiiwwan ispoortii kana fakkaatan cimanii akka itti fufan komishinarichi hubachiisaniiru. Komishinariin komishinii turizimii naannoo Hararii Saamii Abdulwaasii gamasaaniin, damee turizimii naannichaa guddisuuf misoomni kooriidarii fi hojiiwwan eegumsa hambaa bal’inaan hojjetamaniiru jedhaniiru. Haala Kanaan hambaalee balaarra jiran baraaruuf gargaaruurra darbee, magaalaa Harar jiraattotaa fi daawwattootaaf caalaatti miidhagduu, hawattuu gochuun danda’amuusaa eeraniiru. Adoolessa 12 bara 2018 naannichatti mata duree “Fiigicha golambaa jiraataatti” jedhuun dorgommiin sadarkaa guutuu biyyaatti akka gaggeeffamu eeranii dorgommichi turizimii ispoortii beeksisuuf hojii hojjetamu keessaa tokko ta’uu dubbataniiru.
Ijaarsi Bu'uuraalee misoomaa Itiyoophiyaa gidduu-gala ispoortii Afriikaa fi Addunyaa taasisan cimee itti fufeera
Jun 29, 2026 4264
Waxabajjii 22/2018 (ENA): Itiyoophiyaa giddu-gala ispoortii Afriikaa fi Addunyaa taasisuuf hojiileen misooma dippilomaasii fi bu'uuraalee misooma ispoortii raawwatamaa jiraachuu Ministeerri Aadaa fi Ispoortii beeksise. De’eetaan Ministira Aadaa fi Ispoortii Makiyyuu Mahaammad ENA’f akka ibsanitti,jijjiirramaa booda damee misooma ispoortiif xiyyeeffannoon kenname jijjiirrama dachaa galmeessisuu danda’eera jedhani. Waltajjiiwwan Idil-Addunyaa irratti bakka bu'insa Itiyoophiyaa guddisuudhaan bifa biyyattii ijaaruu fi dippilomaasii ispoortii jabeessuuf hojjetamaa jira jedhaniiru. Kanaanis hoggantoonni waldaalee Ispoortii biyyaalessaa 14 sadarkaa Ardii fi Idil-Addunyaatti hogganaa ta'anii tajaajilaa akka jiranii fi hojiin kun cimee akka itti fufu dubbataniiru. Itiyoophiyaanonni waltajjii dorgommii ispoortii Idil-addunyaa irratti hirmaannaa fi bu'aa qabeessummaan isaanii dabalaa jiraachuu isaas ibsaniiru. Itiyoophiyaan sagantaalee Ispoortii sadarkaa Ardii fi Idil-Addunyaa keessummeessaa jiraachuu ishee eeranii, kunis bifa biyyattii ijaaruu keessatti shoora olaanaa akka qabu ibsaniiru. Finfinnee giddu-galeessa sagantaalee isportii Afriikaa fi addunyaa gochuudhaan Itiyoophiyaa damee kanaan caalaatti fayyadamtuu taasisuuf xiyyeeffannoodhaan hojjetamaa jira jedhan. Kanaafis hojiileen babal'isuu bu'uuraalee misooma ispoortii sadarkaa isaanii eeggatan raawwatamaa jiraachuu kaasanii, Istadiyeemoonni gurguddoon shan sadarkaa idil-addunyaa akka guutan hojjetamaa jira jedhaniir
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Paarkiiwwan Biyyaalessaa Haala Qindoomina qabuun Hogganamuu Qabu - Abbaa Taayitichaa
Aug 6, 2026 124
Adoolessa 30/2018 (ENA): Hambaa idil addunyaa kan ta’e paarkiin biyyaalessa Gaarreen Baalee misoomsuunii fi madda galii itti fufinsa qabu taasisuuf waliin hojjechuun barbaachisaa ta’uu daarektarri Olaanaa Abbaa Taayitaa eegumasa Bineensota Bosonaafi fi Kunuunsa Itoophiyaa obbo Kumarraa Waaqjiraa ibsani. Workshopiin Karoora Bulchiinsa Waggaa Kudhanii Paarkii Biyyaalessaa Gaarreen Baalee (2027-2036) irratti mari’achuuf Baalee Roobeetti qooda fudhattoota waliin gaggeeffamaa jira. Waltajjicharratti Daarektarri Olaanaa Abbaa Taayitichaa obbo Kumarraa Waaqjiraa haasawa taasisaniin, waggoota darban keessatti paarkiiwwan biyyaalessaa fi iddoowwan eegumsa argatan keessatti hojii qindoominaan hojjetamaa tureen qormaanni paarkiiwwan mudatu hir’achuusaa ibsaniiru. Waggoota darbanitti bulchiinsa federaalaa, naannoo fi paarkii qindoominaan tattaaffii taasisaniin qormaanni paarkicha mudate hir’achuu isaa ibsaniiru. Akkasumas, dheedichi garmalee, bosona ciruu fi qubsumni seeraan alaa rakkoowwan jiraachuu paarkiiwwanii qormaata ta’aa turan keessaa tokko ta’uu fi yeroo ammaa hojii qindoominaan hojjetamaa jiruun hir’achaa akka jiran akeekaniiru. Bulchaan olaanaa godina Baalee obbo Abdulhaakim Alii akka jedhanitti, bulchiinsi paarkii biyyaalessaa fi heddummina lubbu qabeeyyii isaa sirnaan akka eegamu ciminaan hojjechatamaa jira. Kaayyoon guddaan karoora hoggansa waggaa kudhanii qophaa’aa jiru paarkicha eeguu fi misoomsuun fayyadamummaa hawaasa naannoo itti fufiinsa qabu mirkaneessuudha jedhan. Bulchiinsi paarkicha misoomsuu fi tiksuuf qooda fudhattoota sadarkaa sadarkaan jiran waliin ta’uun akka itti fufu akeekaniiru. Maastar pilaaniin mariif dhiyaate qooda fudhattoota hunda hirmaachisuun, filannoowwanii fi qormaata adda baasuun, furmaata itti kennuun itti gaafatamaan Paarkii Biyyaalessaa Gaarreen Baalee obbo Shaamil Kadir himaniiru. Dhaabbata Barnoota, Saayinsii fi Aadaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UNESCO)’n galmaa’ee hambaalee Itoophiyaa keessaa tokko kan ta’e Paarkiin Biyyoolessaa Gaarreen Baalee, Gadmsaa fi jeedala diimtuu dabalatee bineensota bosonaa bal’aa kan qabudha. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Sagantaan Ashaaraa Magariisaa guddina damee turizimii keessatti gumaacha olaanaa taasisaa jira
Aug 6, 2026 121
Adoolessa 30/2018 (ENA): Waajjirri Aadaa fi Tuurizimii Godina Harargee Lixaa Sagantaan Ashaaraa Magariisaa guddina turizimii keessatti gumaacha olaanaa taasisaa jiraachuu beeksise. Waggoota saddeet darban keessatti hojiiwwan dhaabbii fi kunuunsi Sagantaa Ashaaraa Magariisaa jalatti hojjetaman uwwisa bosonaa dabaluu fi haroo goge deebisee burqisiisaa jiraachuu keessatti bu’aa qabatamaa agarsiisaniiru. Akka dursaan garee misooma gahumsa turizimii waajjirichaa obbo Saaniyoo Adam ENAtti akka himanittii, iddoowwan bosonaa fi ikoo-tuurizimii Godinicha keessa jiran mukkeen mandhaleen waan uwwifamaniif lakkoofsi bineensota bosonaa godinicha keessatti baay’ee dabalaa jira jedhan. Aanaa Doobbaa, Habroo, Odaa Bultum, Ancar, Shanan Dhugoo, Ciroo fi Gammachiis bosonni dandamachaa kan ture yoo ta’u, kunis baay’ina bineensota bosonaa dabalaa jira jedhan. Dursaan garee kun bosonni uumamaa aanaa Ancarii fi aanaa Gammachiis gaara Muktaar keessatti bosonni uumamaa argamu baay’ina bineensota bosonaa kanneen akka Gadamsaa, Karkarroo,Bosonuufi bineensonni biroon akka aragaman ibsaniiru. Milkaa’inni kan biraan waggoota kurnanii oliif gogee kan ture haroo Carcar aanaalee Habroo, Bookee fi Odaa Bultum keessatti argamu deebisee akka maddu taasiseera. Haroo kana daran misoomsuu fi beeksisuuf akkasumas bakka gahumsa turizimii isaa guddisuuf tattaaffiin taasifamaa akka jirus obbo Saaniyoo ibsaniiru. Hojii gaggeesituu Dhaabbata Bosonaa fi Bineensota Bosonaa Oromiyaa damee Harargee Aadde Faakiyaa Adam sagantaa Ashaaraa Magariisaa jalatti biqiltuu dhaabuun bosonni hawaasaa kanaan dura haalaan manca’ee ture ulfina duraan turetti deebi’uu isaa mirkaneessaniiru. Kunis baay’ina bineensota bosonaa naannoo sana jiran dabaluudhaan adamsa seera qabeessa ta’een galii akka argatan taasiseera jedhani. Bara baajataa xumurame kana qofatti adamsa seeraatiin birri miiliyoona lamaa ol kan argame ta’uu ibsuun, galiin irra caalaan isaa qonnaan bultoota kunuunsaa fi bulchiinsa bosona naannoo sanaa irratti bobba’aniif raabsamee, fayyadamummaa kallattiin hawaasaaf mirkaneesseera jedhani. Qonnaan bulaan aanaa Gammachiis Ganda Diingatee Ahmad Sulee sagantaan Ashaaraa magariisaa naannoon sun rooba idilee akka argatu gochuudhaan qonnaafi horsiisa beeyladaatiif haala mijataa uumeera jechuun ragaa ba’aniiru. Kanaan dura sababa qoginsaan baay’inni bosonaa hir’achaa kan ture yoo ta’u, amma garuu hojii ashaaraa magariisaa irraa kan ka’e baay’inni bosonaa dabalaa dhufuu fi lakkoofsi bineensota bosonaa dabalaa akka jiru yaadachiisaniiru. Odeeffannoon Waajjira Aadaa fi Tuurizimii godinicha irraa argame akka mul’isutti, godina Harargee Lixaatti bakkeewwan hawwata turizimii 50 ol adda baafamaniiru. Isaan keessaa harki caalaan isaanii bosona uumamaa fi ikoo-tuurizimii irratti kan xiyyeeffataniidha. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Waloomaan yoo hojjetan waanti hin milkoofne hin jiru-Hayyoota
Aug 6, 2026 113
Adoolessa 30/2018 (ENA): Sagantaan dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoo kun Itoophiyaanonni yaada Ida’amuun yoo waliin hojjetan kaayyoo biyyaalessaa ofii galmaan gahuu akka danda’an agarsiisa jedhan hayyoonni yunivarsistii Madda Walaabuu. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Itoophiyaan guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 805.3 dhaabuun Afrikaaf fakkeenya ta’uu ibsaniiru. Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi Ahimad biyyi keenya of bira darbitee, guutuu Afrikaaf fakkeenya guddaa ta'uu ishee beeksisaniiru. Sagantaa dhaabbii biqiltuu ashaaraa magariisaa guyyaa tokkoof adeemsifame ilaachisuun hayyoota damichaa yunivarsiistii Madda Walaabuu waliin ENA’n turtii taasiseera. Akka hayyoonni kun jedhanitti, sagantaan ashaaraa magariisaa kun aadaa dandeettii walootiin kaayyoo biyyaalessaa galmaan gahuu guddisuu qofa osoo hin taane, dhaloonni itti aanu mallattoo isaa akka kaa’u barsiiseera.   Barsiisaa Yunivarsiistichaa kan ta’an Gargaaraa Piroofeesar Alamaayyoo Abaataa hayyuu Bishaanii fi Eegumsa Naannoo, sagantaan dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoo kun Itoophiyaanonni yeroo waliin dhaabbatan akkamitti dinqii hojjechuu akka danda’an fakkeenya guddaadha jedhan. Sagantaan ashaaraa Magariisaa biyyattii yeroo yeroon biqiltuu dhaabuu fi daagaa hidhuun lageen akka hin gogneefi gochuun faalama naannoo hir’isuuf gargaaraa turuu ibsaniiru. Jijjiirama qilleensaa ittisuu, oomishtummaa qonnaan bulaa guddisuu, carraa hojii uumuun milkaa’inni hedduun galmaa’uu isaas hubachiisaniiru. Itoophiyaanonni kaayyoo waloo tokkoof yeroo waliin dhaabbatan akkamitti raajii hojjechuu akka danda’an sagantaan biqiltuu dhaabuu guyyaa tokkoo fakkeenya guddaa ta’uu ibsaniiru. Ijaarsi Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa, kan lammiileen biyyattii miira xiiqiin dhugoome fakkeenyota tokkummaa fi dandeettii biyyaalessaa qindaa’aa kanaa keessaa tokko ta’uu eeraniiru.   Yunivarsiitichatti barsiisaa saayinsii naannoo fi qorataa damee bosonaa Umar Abdallaa akka himanitti, Sagantaan ashaaraa magariisaa biyyattiin hojiirra oolchaa jirtu kun eegumsa naannoo qofa osoo hin taane faayidaa itti fufiinsa qabuu fi addunyaa maraaf kan fayyadu dha jedhani. Waggoota darban keessatti hojiiwwan damee kana keessatti gabbina biyyee eeguu fi manca’iinsa lafaa ittisuun wabii nyaataa mirkaneessuuf hojjetamaa turan bu’aa jajjabeessaa agarsiisuu jalqabaniiru jedhan. Jijjiirama qilleensaa fi gogiinsa addunyaa dandamachuudhaan oomishtummaan qonnaa akka dabale eeraniiru. Hojii damee bosonaa fi eegumsa naannootiin hojjetamaa jiruun dargaggoota hedduuf carraa hojii uumuu bira darbee ummanni kaayyoo waloo biyyaalessaa dhaabuu fi kunuunsuun aadaa tokkummaa isaa cimsuuf waltajjii guddaa ta’uu ibsaniiru. Hayyoonni kunneen itti dabaluudhaan, Itoophiyaanoonni karoora, dandeettii fi tokkummaa cimaa mataa isaaniitiin yoo socho’an badhaadhina waliigalaa mirkaneessuu akka danda’an fakkeenya qabatamaa ta’uu ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Sosochiin Ummataa Duula Ashaaraa Magariisaa irratti mul’ate ummatni gamtaan yoo hiriire jijjiirama guddaa fiduu akka danda’u mirkaneessee jira
Aug 5, 2026 168
Adoolessa 29/2018 (ENA): Sosochiin Ummataa Duula Ashaaraa magariisaa irratti mul’ate ummatni gamtaan yoo hiriire jijjiirama guddaa fiduu akka danda’u kan mirkaneesse ta’uu Hayyoonni Yuunivarsiitii Jimma ibsan. Ministira Mummee Doktor Abiyyi Ahmadiin bara 2011 kan jalqabame Innisheetiivii Ashaaraa Magariisaa, faayyidan damdaneessuummaa isaa qabatamaan mul’achaa jira. Sagantaan kun keessattuu Miidhaa jijjiirama qilleensaan dhufu hir'isuuf, biyyeen akka hin dhiqamne ittisuuf,wabii nyaataa mirkaneessuufi uwwisa bosona biyyattii xiqqaate ture dabaluuf yaadameeti.   Kanaanis waggoota darbaniif guutuu biyyaatti "guyyaa tokkoon biqiltuu dhaabuu" dabalatee uummata tokkummaan sochoosuun biqiltuu biliyoonaan lakka'aman dhaabuun danda'amera. Bara kanas duula dhabbii biqiltuu guyyaa tokkoon biqiltuu miliyoona 800 dhaabuuf kan karoorfame ture yoo ta’u, tumsa fi hirmaannaa Itoophiyaanootaatiin karoora olitti galmaan ga'uun danda'ameera. Dhimma kana ilaalchisuun hayyoonni Yuunivarsiitii Jimmaa yaada isaanii ENA'f kennaniruu; sagantaan guyyaa tokkoon raawwatame kun tokkummaan yoo dhaabbannee biyya keenya guddisuu fi jijjiiruu akka dandeenyu qabatamaan kan agarsiisedha jedhan. Barsiisaa fi qorataan damee qabeenya uumamaa Kolleejjii Qonnaa fi Beelladaa Yuunivarsiitii Jimmaaa, Doktor Xibabuu Alamuu; uummanni dammaqinaan ba'ee biqiltuu dhaabuun isaa miira abbummaa uumuu bira dabree aadaa ta'aa dhufu dubbataniira. Hojiiwwan misoomaa duulaan raawwannu Itoophiyaa gara sadarkaa fooyya'aatti kan ceesisan fi dhaloota dhufuuf bu'uura kan kaa'an ta'uu isaa milka’inni biqiltuu dhaabuu guyyaa tokkoo argasiiseera jedhaniira. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa waggoota darbatan keessatti fayyadamummaa lakka'amee hin dhumne kan argamsiise ta'uu kan ibsan Doktor Xibabuu Alamuu; pirojeektiin kun naannoo jijjiiruu bira dabree dargaggootaaf carraa hojii uumuu isaa eeraniiru. Dabalataanis, dubartoota fi daa’imman dabalatee garaagarummaa tokko malee uummata kan tokkumsee fi uummanni faayidaa biqiltuu dhaabuu caalaatti akka hubatu kan taasisedha jedhaniiru. Sagantaan kun xiyyeeffannoo dhaabbilee Idil-Addunyaa fi dhaabbilee Sab-qunnamtii kan harkise ta'uu kan eeran hayyuun kun; kunis Itoophiyoonni yoo tumsan biyya dhiibbaa uumtuu fi mo'attu ijaaruu akka danda'an kan mirkaneessaadha jedhan. Bu'aa tokkummaa beekuu kan barbaadu Injiffannoo Adwaa fi Hidha Haaroomsaa Guddicha Itoophiyaa yaadachuun gahaa ta'uu kan dubbatan hayyuun kun; yoo waltumsine wal-dhiibuun hafee walii galteen caalaatti gabbachaa deema jedhaniiru. Barsiisaa fi qorataan damee qabeenya uumamaa Kolleejjii Qonnaa fi Beelladaa Yuunivarsiitii Jimmaaa, kan ta’an Geetinnat Sayid sagantaan Ashaaraa Magariisaa uwwisa bosonaa biyyattii dabaluu fi wabii nyaataa mirkaneessuu bira dabree, hiika guddaa fi cee’uumsaa kan qabu ta'uu ibsaniiru. Waqtii jijjiiramni qilleensaa addunyaa dhiphisaa jiru kanatti, tokkummaan keenya biyya irra dabree qaama furmaata rakkoo Addunyaa ta'aa jira jedhaniiru. Keessattuu sagantaa duula Ashaaraa Magariisaa guyyaa tokkoo irratti lammiileen garaagarummaa tokko malee waggaa waggaadhaan tokkummaadhaan ashaaraa isaanii kaa'uun isaanii; nagaa keenyaaf, guddina keenyaaf fi hiyyummaa balleessuuf shoora bakka hin buune kan taphatu ta'uu ibsaniiru.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 29417
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti - Itti aanaa Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa
Jun 9, 2026 15874
Waxabajji 2 /2018 (ENA): Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti jedhani itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan muummee ministiraa Pirojektoota misoomaa adda addaa magaalaa Woldiyaatti ijaaraman eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Yeroo eebba kanaatti pirojektoonni misoomaa eebbifaman imala biyyattiin gara fuulduraatti taasiftu kan agarsiisan yoo ta’u, guddinni Itiyoophiyaa eenyullee dhaabuu akka hin dandeenye kuni ragaadha jedhan. Itti aanaan ministira muummee kun ummanni magaalaa Woldiyaa finxaaleyyii fi qoqqoodinsa mormuudhaan kan beekamu ta’uu ibsuun, filannoon isaanii irra deddeebiin nagaa fi mootummaa cimaa ta’uu isaa kan argisiisu ta’uu ibsaniiru.   Mootummaan baandota irratti qabsaa’aa jira jedhani. Waggoota 50 fi 60 darbaniif warri yaada dulloomaatiin qabaman guddina ariifataa biyyattii hubachuu akka hin dandeenyes ibsaniiru. Warri bosona keessa jiran jijjiirama guddaa biyyatti dhufe kan akka misooma koridarii, maaddii guutuu, pirojektoota misoomaa fi oomisha qamadii arguu akka hin dandeenye dubbataniiru. Misoomni koridarii magaalota keessatti gaggeeffamaa jiru dhimma bareedinaa qofa osoo hin taane magaalota ammayyeessuun sadarkaa jireenyaa ummataa ol kaasuuf kaayyoo ta’uu ibsaniiru. Magaalonni Itiyoophiyaa magaalota Baha Afriikaa fi addunyaa waliin dorgomuu akka qaban ibsaniiru; akkasumas tajaajila ammayyeessuuf tajaajilli giddugala tokkoo guutuu biyyattiitti babal’achaa akka jiru hubachiisaniiru. Manneen kitaabaa ummataa, manneen kitaabaa dijitaalaa fi kaffeewwan saayinsii magaalaa Woldiyaatti ijaaraman odeeffannoo guyyaa guyyaa irraa gara beekumsaa fi qorannoo gadi fagootti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan, abbootii qabeenyaa fi ummanni pirojektoota misoomaa eegalaman gara baadiyyaatti babal’isuun badhaadhina biyyattii dhugoomsuuf waliin hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 15766
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015