ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Carraalee dinagdee fi daldalaa bal’isuudhaan Afriikaa badhaate ijaaruuf tumsaan ni hojjenna
Jan 28, 2026 2
Amajjii 20/2018 (ENA)- Gamtaan Afriikaa fi Ameerikaan carraalee dinagdee fi daldalaa bal’isuudhaan Afriikaa badhaate ijaaruuf tumsaan akka hojjetan ibsan. Dura taa’aan komishinii gamtaa Afriikaa Mahaammud Alii Yusuuf dhimmoota nageenyaa fi misoomaa tumsaan hojjechuun danda’amurratti itti aanaa ministira dhimma alaa Ameerikaa Kiriistoofar Tii Landawu walaiin mari’achuun ibsa wlaoo kennaniiru. Dura taa’aan komishinii gamtaa Afriikaa Mahaammud Alii Yusuuf, Afriikaan ardii kennaawwanii fi qabeenya hedduun guutamtedha jedhaniiru. Qab Carraalee dinagdee fi daldalaa bal’isuudhaan Afriikaa badhaate ijaaruuf tumsaan ni hojjenna eenya Afriikaan qabdu fayyadama lammiisheef oolchuuf hojiilee hojjetaman keessatti ardiin Afriikaa tumsa beekumsaa, ogummaa, gabbisa dandeettii fi teeknooloojii Ameerikaa ni barbaaddi jedhaniiru. Biyyoonni miseensa gamtichaa dandeettii keessoo isaanii cimsuudhaan, karaa hawaasa siviilii fi daldalaatiin sagantaalee misoomaa maallaqa ofiisaaniitiin deeggaruudhaan dandeettii abdi qabeessa guddifachaa akka jiran dubbataniiru. Sirni dippilomaasii fi tumsaa gama hedduu cimee itti fufuu haala danda’amurratti mari’achuusaaniis ibsaniiru. Itti aanaa ministira dhimma alaa Ameerikaa Kiriistoofar Tii Landawu gamasaaniin, gamtaan Afriikaa nageenyaa fi misooma dinagdee Afriikaa mirkaneessuuf biyyoota miseensaa waliin ta’uun qooda olaanaa bahaa jira jedhaniiru. Gamtaan Afriikaa fi Ameerikaan dhimmoota nageenya waloo, nageenyaa fi badhaadhina ilaalchisee dhimmoota tumsaan hojjechuu danda’anirratti marii gaarii gochuusaanii ibsaniiru. Afriikaan badhaate jiraachuunshee Ameerikaafis faayidaa akka qabu eeranii, carraalee dinagdee fi daldalaa dilbii qabdu waloomaan faayidaarra oolchuuf ni hojjenna jedhaniiru. Ameerikaan qajeelfama fayyadama waloo jedhu akka qabdu kaasuun, carraalee guddina dinagdee guddisuuf kutannoon akka hojjettu mirkaneessaniiru. Daawwannaan ajajaa Izzii Afriikaa Jeneraal Andarsan waliin taasisanis kutannoo Ameerikaan nagaa fi tasgabbii ardii Afriikaa eegsisuuf qabdurraa kan maddu akka ta’e himaniiru. Afriikaanonno rakkoosaanii ofumasaaniin furuu akka danda’an dubbatanii, eenyuyyuu dhimma keessoo Afriikaa keessa galuu akka hin qabaanne ni amanna jedhaniiru.
Itiyoophiyaa fi Gamtaan Awurooppaa damee Aanniisaan tumsasaanii cimsuuf akka hojjetan ibsan
Jan 28, 2026 10
Amajjii 20/2018(ENA)- Itiyoophiyaa fi Gamtaan Awurooppaa tumsa gamlamee damee inarjiin qaban gabbisuuf akka hojjetan beeksisan. Minstirri Maallaqaa Obbo Ahimad Shidee walga’ii Ministirootaa Inisheetivii Gaanfaa Afriikaa 27ffaa irratti hirmaachuuf har’a Somaaliyaa Moqaadishoo dhaqaniiru. Ministirri Maallaqaa walga’ichaan dura Itti Aantuu Daarektara Jeneraalaa Tumsa Idil-Addunyaa Komishinii Awurooppaa Meriyaam Feeraan waliin mari’ataniiru. Waltajjicharratti Ministirichii fi Itti Aantuun Daarektara Jeneraalaa dhimma tumsa biyyoota lamaanii cimsuu danda’an irratti kan mari’atan yoo ta’u, Gamtaan Awurooppaa qaama Inisheetivii Gaanfa Afriikaa kan ta’e koriidara Geejibaa Itiyoophiyaa fi Jibuutiif deeggarsa Faayinaansii taasifamu ilaalchisuun waliigalteerra ga’aniiru. Gamtaan Awurooppaa deeggarsa Riiformii Dinagdee gooroof taasisu cimsuu akka qabu waliigalteerra ga’ameera . Minstirri Maallaqaa Obbo Ahimad Shidee Gamtaan Awurooppaa deeggarsa Itiyoophiyaatiif taasisaa jiru dinqisiifataniiru. Keessumaa deeggarsa Gamtichi Ejensii Misoomaa Faransaayii fi Baankii Invastimantii Awurooppaa waliin ta’uun dhiheessii sararoota humna Elektirikaa Itiyoophiyaa Aanniisaa Haaromfamaa fi Teekinooloojii Dijiitaalaan ammayyeessuun, dhiheessii annisaa fulla’aa fi nageenyisaa mirkanaa’eef sagantaa (RISED)’f taasisu akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Walga’iin Ministeerota Inisheetivii Gaanfa Afriikaa 27ffaan Bu’uralee dhiheessa Humnaa fi hojiiwwan walitti hidhaminsa Aannisaa Riijiniif dhiheessii faayinaansii guddisuun, dhiheessii Aannisaa Amansiisaa fi Madaalawaa mirkanaa’uu haala danda’umuratti kan marii’atan ta’uu odeeffannoo Ministeerri Maallaqaa ENA’f ergeen beeksiseera.
Ameerikaan invastimantii Itiyoophiyaadhaa qabdu bal’isuuf fedhii qabdi – Itti Aanaa Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa Kiristoofar Laandaawuu
Jan 28, 2026 12
Amajji 20/2018(ENA) - Ameerikaan invastimantii Itiyoophiyaadhaa qabdu bal’isuuf fedhii qabdi jedhan Itti Aanaan Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa Kiristoofar Laandaawuu. Ministirri Maallaqaa obbo Ahimad Shideen Itti Aanaa Dhimma Alaa Ameerikaa Kiristoofar Laandaawu waliin mari’ataniiru. Marichis haaromsa dinagdee Gooroo (maakaroo) Itiyoophiyaa fi tumsa Itiyoophiyaa fi Ameerikaa cimsuu akkasumas walta’iinsa waliigalaa guddachaa jiru irratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsameera. Marii kanarratti Ministirri Pilaanii fi Misoomaa doktar Fitsum Asaffaa fi Bulchaan Baankii Biyyoolessaa Itiyoophiyaa Iyyoob Takkaalliny hirmaataniiru. Riifoormiin diinagdee Gooroo Itiyoophiyaa jijjiirama cimaa akka agarsiise eeruun, adeemsi guddina dinagdee fi haalli invastimantii dameelee ijoo keessatti fooyya’insa guddaa agarsiiseera jedhani ministirri kuni. Ministirri kuni Itiyoophiyaa fi Ameerikaan hariiroo cimaa qabaachuu ibsuun,yeroo dhiyoo as deeggarsa Ameerikaan damee fayyaa irratti taasifte dubbatani. Ameerikaan Itiyoophiyaaf deeggarsa misoomaa taasisaa jirtu ajaa’ibsiifataniiru. Gama birootiin ministirichi ijaarsa buufata xiyyaaraa idil addunyaa Bishooftuutti jalqabame Itti Aanaa Ministira Dhimma Alaa Ameerikaaf ibsa kennaniiru. Gahee tarsiimoo buufanni xiyyaaraa guddina, walitti hidhamiinsa naannoo fi haala mijeessuu daldalaaf qabu kan ibsan yoo ta’u, dhaabbileen faayinaansii fi kontiraaktaroota Ameerikaa pirojekticha akka deeggaran gaafataniiru. Ameerikaan tumsa biyyoota lameenii Itiyoophiyaa waliin qabdu cimsuuf kutannoo qabaachuu irra deebi’anii mirkaneessaniiru. Ministeerri Maallaqaa odeeffannoo ENA’f ergeen, biyyoonni lamaan walta’insa Itiyoophiyaa fi Ameerikaa cimsuu, hirmaannaa damee dhuunfaa guddisuu fi misooma dinagdee itti fufinsa qabu deeggaruuf kutannoo waliinii qaban ta’uu ibseera.

Jan 28, 2026 15
Amajjii20/2018(ENA)- Itiyoophiyaa fi Gamtaan Awurooppaa tumsa gamlamee damee Inarjiin qaban dagaagsuuf akka hojjetan beeksisan. Minstirri Maallaqaa Obbo Ahimad Shidee walga’ii Ministeerota Innisheetivii Gaanfaa Afriikaa27ffaa irratti hirmaachuuf har’a Somaaliyaa Moqaadishoo galaniiru. Ministirri Maallaqaa walga’ichaan dura Itti Aantuun Daarektara Jeneraalaa tumsa Idil-Addunyaa Komishinii Awurooppaa Feeraan waliin marii’ataniiru. Waltajjicharratti Ministirichii fi Itti Aantuun Daarektara Jeneraalaa dhimma tumsa biyyoota lamaanii cimsuu danda’an irratti kan mari’atan yoo ta’u, Gamtaan Awurooppaa qaama Innisheetivii Gaanfa Afriikaa kan ta’e koriidera Geejibaa Itiyoophiyaa fi Jibuutiif deeggarsa Faayinaansii taassifamu ilaalchisuun waliigalteerra ga’aniiru. Gamtaan Awurooppaa deeggarsa Riiformii Diinagdee gooroof taassisu cimsuu akka qabu waliigalteerra ga’ameera . Minstirri Maallaqaa Obbo Ahimad Shidee Gamtan Awurooppaa deeggarsa Itiyoophiyaatiif taassisaa jiru dinqisiifataniiru. Keessumaa deeggarsa Gamtichi Ejensii Misoomaa Faransaayii fi Baankii Invastimantii Awurooppaa waliin ta’uun dhiheessii sararoota humna Elektirikaa Itiyoophiyaa Aannisa Haaromfamaa fi Teekinooloojii Dijiitaalaan ammayyeessuun, dhiheessii aannisaa fulla’aa fi nageenyisaa mirkanaa’ef sagantaa (RISED)’f taassisu akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Walga’iin Ministeerota Innisheetivii Gaanfa Afriikaa 27ffaan Bu’uralee dhiheessa Humnaa fi hojiiwwan walitti hidhaminsa Aannisaa Riijiniif dhiheessii faayinaansii guddisuun, dhiheessii Aannisaa Amansiisaa fi Madaalawaa mirkanaa’uu haala danda’umuratti kan marii’atan ta’uu odeeffannoo Ministeerri Maallaqaa ENA’f ergeen beeksiseera.
Godina Baalee bahaatti Buusaa Gonofaa cimsuuf midhaan rooba gannaan misoome walitti qabamaa jira
Jan 28, 2026 18
Amajjii 20/2018 (ENA)- Naannoo Oromiyaa godina Baalee bahaatti Buusaa Gonofaa cimsuuf midhaan rooba gannaan misoome mekaanaayizeeshiniitti gargaaramuun walitti qabamaa jiraachuu waajjirri damee buusaa Gonofaa godinichaa beeksise. Buusaa Gonofaan qama Gadaa yoo ta’u, ummanni Oromoo durii kaasee balaan namtolchee fi uumamaa yerii isa mudatu wal utubuun tooftaa rakkina keessa darbudha. Godina Baalee bahaatti Buusaa Gonofaa cimsuuf midhaan rooba gannaan misoome walitti qabamaa jira u’ura seeraa akka qabaatu erga taasifamee booda balaawwan uumamaa dabalatee rakkoolee dinagdee fi hawaasummaa dandeettii ofiitiin damdamachuuf carraaqqiin taasifamaa jira. Naannichatti iddooo sirni Buusaa Gonofaa bu’a qabeessa itti ta’e keessaa goddinni Baalee bahaa isa tokkodha. Hogganaan waajjira damee Buusaa Gonofaa Baalee Bahaa obbo Fu’aad Abduu ENA’f akka ibsanitti, sirna Buusaa Gonofaa caalaatti cimsuu fi bu’ura dhaabbatummaa akka qabatu gochuuf Qamadiin qonna ganna darbeen lafa heektaara kuma 2 fi 153 irratti misoome walitti qabamaa jira. Lafti misoome kun kan bardheengaddaan waliinwal bira yoo qabamu heektaara kuma 1 fi 700n akka caalu beeksisaniiru. Lafa qonna gannaan misoome keessaa Qamadiin kuntaala kuma 65 caalu galchuuf karoorfamuuibsanii, amma ammaattis mekaanaayizeeshiniin deeggaramuun kuntaalli kuma 38 walitti qabamuu ibsaniiru. Kan hafes mekaanaayizeeshiniitti fayyadamuun walitti qabamaa jiraachuu dubbataniiru. Sirna kana caalaatti cimsuuf misooma midhaanii cinaatti kaayyoo sirna kanaa namoota hedduu qabsiisuun godinichatti miseensota kuma 370 horachuun danda’amuu hubachiisaniiru. Yeroo ammaa Buusaa Gonofaan akka naannootti miseensota miiliyoona 28 qaburraa waggaatti birria biiliyoona 3 walitti qabuurra akka danda’e beekameera. Itti aanaan pirezidaantii naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdii Baalee Bahaatti argamuun Buusaa Gonofaa cimsuuf hojiilee hojjetamaa jiranii fi hojiilee misoomaa biroo daawwachuunsaanii ni yaadatama.
Siyaasa

Yaa’ii Hoggantoota Gamtaa Afriikaa 39ffaan Milkaa’inaan akka gaggeeffamuuf qophiin barbaachisaan taassifameera – Poolisii Federaalaa Itiyoophiyaa
Jan 28, 2026 15
Amajjii 20/2018(ENA)-Yaa’iin Hoggantoota Gamtaa Afriikaa 39ffaan milkaa’inaan akka gaggeeffamuuf qophii barbaachisaa taasisuu Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa beeksise. Itti Aanaan Komishinar jeneraalaa Ajajaa qajeelcha waliigalaa Ittisa yakkaa Poolisii Federaalaa Itiyoophiyaa Malaakuu Faantaa ENA waliin turtii taasisaaniin, walga’iiwwan gurguddoo Addunyaa Magaalaan Finfinnee keessummeessitu milkaa’inaan akka xumuramaniif dhaabbatichi kutannoon hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Baatiiwwan ja’an darban walga’iin hoggantoonni biyyoota adda addaa, Hogganttoonni dhaabbilee Idil Addunyaa fi Dippiloomaatonni olaanoon hedduun irratti hirmaatan magaalichati gaggeeffamuusaa ibsaniiru. Waltajjiiwwan kunneen rakkoo tokko malee Milkaa’inan xumuramuun haala qophii poolisii fi dhaabbilee nageenyaa biroo kan agarsiisu ta’uu eeraniiru. Itiyoophiyaan waltajjiiwwan gurguddaa Hoggantootni biyya Alaa hedduu fi Miseensi Hawaasa dippiloomaatikii irratti hirmaatan qopheessuuf muuxannoo guddaa qabaachuushee eeraniiru. Yaa’iin Gamtaa Afriikaa 39ffaan Magaalaa Finfinneetti Milkaa’inaan gaggeessuuf qophiiwwan barbaachisoon yaa’ichaan dura raawwatamuu qaban milkaa’inaan Xumuramuu ibsaniiru. Nageenya Hoggantootaa fi keessummoota biyyoota adda addaarraa yaa’ichaarratti hirmaachuuf gara Finfinneetti dhufan haala Amansiisaa ta’een eeguu, sochii nageenyaa fi tiraafikaa qindeessuun dhimma murteessaa ta’uu dubbataniiru. Qaamolee Nageenyaa biroo waliin qindoomuun haala sadarkaa biyyattii gituun tasgabbii biyyattii mirkaneessuuf hojiin nagaa fi tasgabbii qindominaan akka raawwatamu ibsaniiru. Yeroo keessummoonni gara biyyaatti seenanii eegalee hanga yaa’icha xumuranii gara biyyasaaniitti deebi’anitti eegumsaa fi tajaajiloota barbaachisoo biroo si’ataa fi amansiisaa kennuuf qophiin xumuramuu beeksisaniiru. Yaa’iin Hoggantyoota Gamtaa Afriikaa waltajjii Dippiloomaasii guddaa waggaa waggaan Magaalaa Finfinneetti gaggeeffamu yoo ta’u, qophiin qaamolee nageenyaa milkaa’ina yaa’ichaaf shoora olaanaa bahata jedhaniiru. Yaa’iin Hoggantoota Gamtaa Afriikaa 39ffan Guraandhala 7 fi 8 bara 2018 mata duree“dhiheessii Bishaanii fulla’aa fi sirna eegumsa qulqullinaa nageenyisaa eegame mirkaneessuun, Milkaa’ina galma ajandaa bara 2063f” jedhuun Waajjira Muummee Gamtichaa Magaalaa Finfinneetti gaggeeffama.
Naannoo Harariitti bu’aalee damee hundaan galmaa’an itti fufsiisuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu qaba- Pireesidaanti Ordiin Badirii
Jan 27, 2026 84
Amajji 19/2018(ENA) - Naannoo Harariitti bu’aalee damee hundaan galmaa’an itti fufsiisuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabu Pireesidaantiin bulchiinsa mootummaa naannoo Hararii Ordiin Badirii ibsani. Manni Maree Biyyaalessaa Naannoo Hararii Yaa’ii idilee 1ffaa marsaa 6ffaa, waggaa 5ffaa guyyaa har’aa gaggeesseera. Konfiransiin kun hojiiwwan ji’oota jahan darban gama kunuunsa hambaalee fi hojiiwwan guddina afaan Hararii irratti hojiilee hojjetaman karaa waajjiraalee hambaalee aadaa, turizimii fi biiroolee barnootaa naannootiin hojjetaman gamaaggameera. Obbo Ordiin Badiriin wayita sana akka jedhanitti, dameelee hundaan baatiiwwan jahan darbanitti hojiilee hojjetaman bu’aa qabeessa dha. Naannichatti kunuunsa hambaalee fi afaan Hararii guddisuuf hojiileen hojjetaman kan jajjabeeffamani dha jedhaniiru. Keesattuu hambaa idil addunyaa kan ta’e Jagool eeganii tursiisuun dhalootaaf dabarsuun kuni hojii bu’a qabeessa ta’uu eeraniiru. Naannichatti hojiileen misoomaa hojjetamaa jiran kan fayyadamummaa hawaasummaa fi dinagdee kan mirkaneessanii fi lammiileef abdii kan kennan ta’uu ibsaniiru. Haa ta’u malee hojiilee misoomaa naannichaa gufachiisuuf humnoonni socho’an jiraachuu eeruun, finxaaleyyii kanneen irratti qabsaa’uun hojiilee misoomaa jalqabaman cimsinee itti fufna jedhani. Kanaafuu hojiilee misoomaa jalqabaman irratti tokkummaa yaadaa fi ilaalchaa dagaagsuunii fi hawaasa hojii misoomaa eegalame irratti abbummaan keessatti hirmaachisuun hojiileen hojjetamaa turan cimanii itti fufuu akka qabanis dubbataniiru. Waltajjichi dhimmoota adda addaa irratti mari’achuun murteewwan garagaraa dabarsuun xumurameera.
Bu’aaleen teeknooloojii loltummaa abjuu olaantummaa Itiyoophiyaa bara fagoo dhiheenyatti qabatamaan akka akka milkeessinu kan mirkaneessanidha-Itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa
Jan 27, 2026 126
Amajjii 19/2019(ENA)- Bu’aaleen teeknooloojii loltummaa eksipoo human qilleensaa Itiyoophiyaa irratti mul’atan abjuu olaantummaa Itiyoophiyaa bara fagoo dhiheenyatti qabatamaan akka akka milkeessinu kan mirkaneessanidha jedhan itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa eksipoo humna qilleensaa idil addunyaa daawwataniiru. Itti aanaan ministira muummee ergaa dabarsaniin imalli waggoota 90 humna qilleensaa Itiyoophiyaa injifannoo fi gootummaan qofa kan daangeffame hin turre, bu’aa kalaqaa fi olaantummaa teeknooloojii illee of keessaa qaba. Eksipoo human qilleensaa idil addunyaa waajjira muummee human qilleensaatti baname irratti wanti argine kanuma mirkaneessa jedhaniiru. Bu’aaleen teeknooloojii loltummaa eksipoo kanarratti argine abjuu olaantummaa bara dheeraa dhiheenyatti qabatamaatti akka milkeessinu kan mirkaneessanidha jedhaniiru itti aanaan ministira muummee ergaa dabarsaniin.
Humni Qilleensaa Itoophiyaa Asxaa Birmadummaa fi tokkummaa baraa baratti darbedha – Itti Aanaa Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa
Jan 25, 2026 286
Amajjii17/2018(ENA)- Humni Qilleensaa Itoophiyaa waggoottan 90f cichoomaan Daangaa qilleensa hin sarbane eeguun seenaa birmadummaa samiirratti barra’e, mallattoo birmadummaa fi tokkummaa baraa baratti ce’e dhajechuun Itti Aanaa Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa ibsan. Humna qilleensaa Itiyoophiyaaf samiin daangaa isatti ta’ee hin beku, Ashaaraa gootummaasaa kan itti mul’isu, gahumsa isaa kan itti madaaluu fi Dirree taphaa birmadummaa biyyaa kan itti labsudha jedhan Itti Aanaan Ministira Muummee ergaa fuula miidiyaa Hawaasummaasaaniin dabarsaniin. Qajeelfamsaa “Samiin kan keenyadha” jedhuun waggaa 90ffaa labseera. Sagaltamni lakkoosaan oli kan jennu sababa malee miti.
Humni qilleensaa Itiyoophiyaa humna biyyaalessaa kan agarsiisuu fi boona biyyaalessaaf agarsiiftuudha-Letenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa
Jan 24, 2026 271
Amajjii 16/2018 (ENA)- Humni qilleensaa Itiyoophiyaa humna biyyaalessaa kan agarsiisuu fi boona biyyaalessaaf agarsiiftuu ta’uu ajajaan olaanaa human qilleensaa Itiyoophiyaa Letenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa ibsan. Kabajni wagga 90ffaa human qilleensaa Itiyoophiyaa ministira muummee doktar Abiyyi Ahimad dabalatee keessummoonni olaanaa biyyoota garagaraa bakka argamanitti dammaqinaan gaggeeffamaa jira. Ayyaana hundeeffamaa kana ilaalchisuun agarsiifni qilleensarraa dinqisiifatamaan “Xuqur Anbassaa” jedhamuun beekamu gaggeeffamaa jira. Ajajaan olaanaa human qilleensaa Itiyoophiyaa Letemnaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa wayita kana akka dubbatanitti, sagantaan kun kabaja ayyaana wagga 90ffaa qofa osoo hin ta’iin, tajaajila biyyaalessaa cimaa fi agarsiiftuu ga’oomaa wagga sagaltamaati. Waggoottan 90 darbaniif humni qilleensaa Itiyoophiyaa dahannoo birmadummaa Itiyoophiyaa isa cimaa ta’ee turuusaa ibsaniiru. Biyyoota Afriikaarraa Itiyoophiyaan humna qilleensaa hundeessuun adda duree ta’uushee, ergamoota nagaa kabachiisuu deeggaruushee fi humnoota faayidaa biyyaalessaashee dura dhaabbachuu barbaadan mogolee kan buufte ta’uu dubbataniiru. Ayyaanni hundeeffama waggaa 90ffaa fi agarsiifni qilleensarraa Xuqur Anbassaa kun agarsiiftuu boonuu Itiyoophiyaa fi ga’ooma balallii qabatamaan kan mirkaneessu ta’uu ibsaniiru. Ajajoonni human qilleensaa Afriikaa fi biyyoota garagaraa argamuu isaaniitti kan boonan ta’uu Letenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa ibsanii, qaamolee milkaa’ina kanaaf deeggarsa taasisan hunda galateeffataniiru. Agarsiifni qilleensarraa kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa sadarkaa idil addunyaatti kan ijaaru ta’uu eeranii, Kaadhimamtoonni waan abjootan arguuf cimanii akka hojjetan, lammiileenis carraa teeknooloojii egeree biyyasaaniitti akka abdatan kan godhu ta’uu ibsaniiru. Humni qilleensaa Itiyoophiyaa agarsiiftuu dandeettii biyyaalessaa, biyyi kan itti boonuu fi barbaadamummaa idil addunyaa guddisuuf meeshaa tarsiimawaa ta’uusaas hubachiisaniiru. "Kan darbetti ni boonna, kan ammaatiin nigaggeeffamna, kan fuulduraa ni bocna” kan jedhan Letenaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa, sagantichi agarsiiftuu cehumnsa industirii fi tumsa waloo ta’uu ibsaniiru. Dabalataanis ayyaanni kun milkaa’ina bu’ura misoomaa akkasumas agarsiiftuu dandeettii human qilleensaa dhaloota afraffaa fi shanaffaa ta’uu eeraniiru. Miseensonni human qilleensaa halkan hedduu hirriba malee dabarsanii dandeettii Itiyoophiyaa qabatamaan waan agarsiisaniif galata guddaa qabu jedhaniiru. Deeggartoonni idil addunyaa sagantaa kanatti hirmaachuunsaanii hariiroo keenya cimsuun tumsa waloo keenya guddisuu fi dandeettii human qilleensaa amansiisaa ta’e ijaatuuf haalli mijataan akka uumamu ibsaniiru.
Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa humnoota Itiyoophiyaa qaanessuu barbaadaniif dawaa amansiisaa ta’uun biyya kan dhaabe dha - Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimad
Jan 24, 2026 202
Amajji 16/2018(ENA) - Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa humnoota Itiyoophiyaa qaanessuu barbaadaniif dawaa amansiisaa ta’uun biyya kan dhaabe dha jedhani Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad. Agarsiisni Qilleensaa Leenca Gurraacha waggaa 90ffaa Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa bakka Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad argamanitti kabajameera. Wayita sanatti Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad, humni qilleensichaa waggoota 90 kana keessatti bu’a bahii hedduu dabarsuu eeraniiru. Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa humnoota Itiyoophiyaa qaanessuu fi weeraruu barbaadaniif dawaa amansiisaa ta’uun biyya kan dhaabe dha jedhani. Akkasumas, Itiyoophiyaa bira darbee, bara xumura bulchiinsa koloneeffataa, naannoo qilleensaa Taanzaaniyaa kan eege, kan Afrikaanota boonsu dha jedhaniiru. Humni qilleensichaa meeshaalee ammayyaa kan hidhate,gahumsa olaanaa irratti akka argamus ibsaniiru. Nuti Itiyoophiyaatiin ala haadha hin qabnu kan jedhan ministirri muummee,Itiyoophiyaan haadha keenya bakka bu’insa hin qabne ta’uu hubannee ulfina biyyaaf waliin hojjechuu qabna jedhaniiru. Humni qilleensaa Itiyoophiyaa waggoota 5’n dhufan keessatti humna amma qabu dachaan dabaluuf ammas xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhan. Itiyoophiyaan bara kana guddina dhibbentaa 10.3 akka galmeessitu raawwiin hojii ji'a ja'aa ni argisiisa jedhan. Guddinni kun kan argamu immoo dhaabbilee waraanaa fi nageenyaa ciccimoo ijaaruudhaan akka ta’es ibsaniiru. Itiyoophiyaan biyya kaleessa irra dhaabbatte miti kan jedhan Ministirri Muummee, Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa dandeettii yeroon gaafatu kan gonfate dha jedhani. Nuti kan namaa hin barbaannu;kan keenyas hin kenninu jedhan. Kan nutti kennames yoo jiraate isaaniif deebisuun keenya hin oolu jedhan.
Bulchiinsichi aadaa hojii jijjiiree hojjechuun damee hundaan bu'aa gaarii galmeessisuu danda'eera - Kantiibaa Adaanach Abeebee
Jan 24, 2026 180
Amajjii 16/2018 (ENA)- Bulchiinsi magaalaa Finfinnee aadaa hojii jijjiiruun halkanii fi guyyaa hojjechuun damee hundaan bu’aa ajaa’ibsiisaa galmeessuu danda’eera jedhani kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanach Abeebee. Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee gamaaggama raawwii karoora hojii mootummaa fi paartii walakkaa waggaa jalqabaa bara 2018 har'a eegaleera. Waltajjicharratti kantiibaa Adaanach Abeebee, Af-yaa'iin Mana Maree Magaalichaa aadde Buzeenaa Alkadir, Itti Gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa waajjira Damee Finfinnee obbo Mogos Baalchaa fi qondaaltonni olaanoo biroo argamaniiru. Baniinsa waltajjichaarratti kantiibaan magaalattii Adaanach Abeebee ji’oota jahan darbanitti pirojektoota damee hundaan karoorfame keessaa giddu galeessaan dhibbeentaa 95 ol xumuramuu ibsaniiru. Bu’aan kuni argamuu kan danda’eef bulchiinsichi aadaa hojii jijjiiruun halkanii fi guyyaa hojjechuun ta’uu eeraniiru. Bu’aawwan argamaniif inni ijoon hoggansi sadarkaan jiru qindoominaan waliin hojjechuun, jiraattonnii fi michoonni misoomaa si’oominaan hirmaachuun,akkasumas deeggarsa jiraattonni magaalittii hojiilee misoomaaf taasise ta’uu himaniiru. Bu’aan misoomaa argame qindoomina qaamolee hundaa jiraattota magaalittii fi michoota misoomaa ta’uu eeraniiru. Waltajjiin kun ji’oota jahan itti aananiif dandeettii fi muuxannoo dabalataa kan itti horannuu fi jiraattota magaalaa keenyaa haala fooyya’anii fi amanamummaa guddaadhaan tajaajiluuf kan itti qophoofnudha jechuun ibsaniiru.

Hawaasummaa
Godina Baalee bahaatti Buusaa Gonofaa cimsuuf midhaan rooba gannaan misoome walitti qabamaa jira
Jan 28, 2026 18
Amajjii 20/2018 (ENA)- Naannoo Oromiyaa godina Baalee bahaatti Buusaa Gonofaa cimsuuf midhaan rooba gannaan misoome mekaanaayizeeshiniitti gargaaramuun walitti qabamaa jiraachuu waajjirri damee buusaa Gonofaa godinichaa beeksise. Buusaa Gonofaan qama Gadaa yoo ta’u, ummanni Oromoo durii kaasee balaan namtolchee fi uumamaa yerii isa mudatu wal utubuun tooftaa rakkina keessa darbudha. Godina Baalee bahaatti Buusaa Gonofaa cimsuuf midhaan rooba gannaan misoome walitti qabamaa jira u’ura seeraa akka qabaatu erga taasifamee booda balaawwan uumamaa dabalatee rakkoolee dinagdee fi hawaasummaa dandeettii ofiitiin damdamachuuf carraaqqiin taasifamaa jira. Naannichatti iddooo sirni Buusaa Gonofaa bu’a qabeessa itti ta’e keessaa goddinni Baalee bahaa isa tokkodha. Hogganaan waajjira damee Buusaa Gonofaa Baalee Bahaa obbo Fu’aad Abduu ENA’f akka ibsanitti, sirna Buusaa Gonofaa caalaatti cimsuu fi bu’ura dhaabbatummaa akka qabatu gochuuf Qamadiin qonna ganna darbeen lafa heektaara kuma 2 fi 153 irratti misoome walitti qabamaa jira. Lafti misoome kun kan bardheengaddaan waliinwal bira yoo qabamu heektaara kuma 1 fi 700n akka caalu beeksisaniiru. Lafa qonna gannaan misoome keessaa Qamadiin kuntaala kuma 65 caalu galchuuf karoorfamuuibsanii, amma ammaattis mekaanaayizeeshiniin deeggaramuun kuntaalli kuma 38 walitti qabamuu ibsaniiru. Kan hafes mekaanaayizeeshiniitti fayyadamuun walitti qabamaa jiraachuu dubbataniiru. Sirna kana caalaatti cimsuuf misooma midhaanii cinaatti kaayyoo sirna kanaa namoota hedduu qabsiisuun godinichatti miseensota kuma 370 horachuun danda’amuu hubachiisaniiru. Yeroo ammaa Buusaa Gonofaan akka naannootti miseensota miiliyoona 28 qaburraa waggaatti birria biiliyoona 3 walitti qabuurra akka danda’e beekameera. Itti aanaan pirezidaantii naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdii Baalee Bahaatti argamuun Buusaa Gonofaa cimsuuf hojiilee hojjetamaa jiranii fi hojiilee misoomaa biroo daawwachuunsaanii ni yaadatama.
Dhiyeesiin bishaanii fi ijaarsi misooma naannoo fayya qabeessa Itiyoophiyaa milkaa’ina galmoota ajandaa ardii 2063 galmaan ga’uuf gahee murteessaa ni qabaata
Jan 28, 2026 13
Amajjii 20/2018(ENA) - Dhiyeessiin bishaan dhugaatii itti fufinsa qabuu fi ijaarsi misooma naannoo fayya qabeessa Itiyoophiyaa milkaa’ina galmoota ajandaa ardii 2063 galmaan ga’uuf gahee murteessaa akka qabaatu Ministirri Bishaanii fi Inarjii doktar Injiinar Habtaamuu Ittafaan ibsan. Yaa'iin Gamtaa Afrikaa 39ffaan bara kanaa mata duree “Dhiheessii Bishaanii fulla’aa fi sirna eegumsa qulqullinaa nageenyisaa eegame mirkaneessuun, Milkaa’ina galma ajandaa bara 2063f” jedhuun Guraandhala 7-8 bara 2018 Finfinneetti gaggeeffama. Dhiyeessiinii fi qulqullina bishaanii itti fufiinsa qabu, hawaasa fayya qabeessaa fi sirna ikoo dandamachuu danda’u ijaaruu, qabeenya uumamaa fayyadamuu fi jireenya lammiilee fooyyessuun kan jedhu galmoota Ajandaa 2063 waliin walitti hidhata guddaa qaba. Doktar Injiinar Habtaamuu Ittafaan ENAtti aka himanitti, milka’inoonni misooma bishaan qulqulluu fi anniisaa Itiyoophiyaan galmeessite ajandaa Gamtaa Afrikaa waliin walsimsiisuun hojiirra oolaa jira. Itiyoophiyaan lammiilee miliyoona 80 oliif bishaan dhugaatii qulqulluu fayyadamoo taasisuu eeraniiru. Bara 2030tti lammiileen Itiyoophiyaa hundi mana isaaniitti yookaan naannoo isaanitti dhiyoo jirutti bishaan dhugaatii qulqulluu akka argataniif hojjetamaa jira. Naannawoota Itiyoophiyaa miidhaa jijjiirama qilleensaaf saaxilamanitti bu’urri misoomaa dhiheessii bishaan dhugaatii qulqulluu ongee damdamatan mootummaa fi bajata pirojektiitiin ijaaramuu beeksisaniiru. Kaka’umsa Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimadiin misoomni qarqara lageenii hojjetaman nageenya bishaanii eeguun bu’aa gaarii galmeesseera jedhan.
Meeshaaleen Wal’aansaa Ammayyaan Qulqullina Tajaajilaa fooyyessaa jiru
Jan 27, 2026 60
Amajjii 19/2018(ENA)- Meeshaaleen wal’aansaa Ammayaa dhaabbilee fayyaaf dhihaatan qulqullina tajaajilaa qabatamaan fooyyessaa jiraachuu Ministeerri Fayyaa beeksise. Tajaajilli dhiheessa Qorichaa Itiyoophiyaa Ministeera Fayyaa waliin ta’uun Bulchiinsa Magaalaa Finfinneef, Bulchiinsa Dirree Dawaaf akkasumas Naannoolee garaa garaaf Maashinootaa fi meeshaalee wal’aansaa kenneera. Wayita sana Maashinoota Laaboraatoorii “CBC” jedhaman 81 dabalatee Meeshaalee wal’aansaa biroo wal harkaa fuudhinsi taasifameera. Deetaan Ministiraa Fayyaa Fireehiwoot Abbabaa wayita sana, sirna Fayyaa cimaa fi amansiisaa gochuuf hojiiwwan hojjetamaniin bu’aan boonsaan galmaa’eera jedhaniiru. Maashinoonnii fi Meeshaawwan wal’aansaa har’a wal harkaa fuudhinsi taasifamanis sirna fayyaaf humna dabalataa uumuu kan danda’an ta’uusaanii ibsaniiru. Du’a Haadholii fi daa’immanii hir’isuuf, dhukkuboota daddarboo fi daddarboo hin taane ittisuuf akkasumas wal’aananii fayyisuuf galteewwan dabalataa ta’usaanii hubachiisaniiru. Meeshaawwan wal’aansaa kun tajaajila wal’aansaa qulqullinasaa eeggatee fi tajaajila Laaboraatoorii ammayyaa dhaqqabamaa taasisuu kan dandeessisu ta’uusaa beeksisaniiru. Daarektarri Olaanaan Tajaajila Dhiheessa Dawaa Itiyoophiyaa Doktar Abdulqaadir Galgaloo gamasaaniin, Meeshaaleen wal’aansaa fi Daawwaan dhaqqabamummaa tajaajila Wal’aansaa babal’isuuf hojii hojjetamuun dhaabbilee fayyaaf Meeshaalee wal’aansaa dhiheessaa jira jedhaniiru. Kanaanis dhaabbatichi dhaabbilee kuma shanii ol waliin walii galtee mallatteessee Meeshaalee wal’aansaa dhiheessaa jira jedhaniiru. Gama biroon tajaajilichi gara fuuladuraatti dhaabbilee Fayyaa waliin meeshaalee wal’aansaa dabalataa dhiheessuuf waliigaltee mallatteesseera.
Magaalaa Baatuu jiraattotaa fi turistootaaf mijattuu taasisuuf hojjetamaa jira
Jan 27, 2026 64
Amajji 19/2018 (ENA)- Magaalaa Baatuu misooma koridaraa Haroo Baatuu waliin walsimsiisuun jiraattotaa fi turistootaaf mijattuu taasisuuf qindoominaan hojjetamaa jira jedhan kantiibaan bulchiinsa magaalichaa Ahmaddiin Ismaa’el. Pirojektoonni bashannanaa fi misoomaa biroo qarqara haroo Baatuutti haala nageenya harichaa eeguun danda’amuun hojjetamaa jiraachuus himaniiru. Ilaalcha haroo kanaa bareedina magaalattii waliin simsiisuun amma misoomni koridaraa kiiloo meetira 14 akka hojjetame eeruun, gara fuulduraatti pirojektoonni bu’uuraalee misoomaa adda addaa hojiirra oolan akka jiran hubachiisaniiru. Daandiiwwan miilaa, biskileetii fi asfaaltii akkasumas bakkeewwan bashannanaa fi wiirtuuwwan paarkii qarqara haroo kanaa irratti ijaaramuu isaaniis ibsaniiru. Kunis magaalattiin bakka jireenyaaf mijataa fi giddugala turistii taasisuuf kan kaayyeffate dha jedhan. Gama biraatiin kenniinsi tajaajilaa saffisaa fi bu’a qabeessa akka ta’uuf giddugala tajaajila iddoo tokkoo (Masoob) dabalatee hojiirra oolmaan tajaajila dijitaalaa biroo cimee itti fufuu himaniiru. Haaluma kanaanis ijaarsi gamoo tajaajila giddu gala iddoo tokkoo (Masoob) eegalchiisuuf xumuramee, misoomni teeknooloojii gaggeeffamaa jiraachuu mirkaneessaniiru.
Diinagdee
Itiyoophiyaa fi Gamtaan Awurooppaa damee Aanniisaan tumsasaanii cimsuuf akka hojjetan ibsan
Jan 28, 2026 10
Amajjii 20/2018(ENA)- Itiyoophiyaa fi Gamtaan Awurooppaa tumsa gamlamee damee inarjiin qaban gabbisuuf akka hojjetan beeksisan. Minstirri Maallaqaa Obbo Ahimad Shidee walga’ii Ministirootaa Inisheetivii Gaanfaa Afriikaa 27ffaa irratti hirmaachuuf har’a Somaaliyaa Moqaadishoo dhaqaniiru. Ministirri Maallaqaa walga’ichaan dura Itti Aantuu Daarektara Jeneraalaa Tumsa Idil-Addunyaa Komishinii Awurooppaa Meriyaam Feeraan waliin mari’ataniiru. Waltajjicharratti Ministirichii fi Itti Aantuun Daarektara Jeneraalaa dhimma tumsa biyyoota lamaanii cimsuu danda’an irratti kan mari’atan yoo ta’u, Gamtaan Awurooppaa qaama Inisheetivii Gaanfa Afriikaa kan ta’e koriidara Geejibaa Itiyoophiyaa fi Jibuutiif deeggarsa Faayinaansii taasifamu ilaalchisuun waliigalteerra ga’aniiru. Gamtaan Awurooppaa deeggarsa Riiformii Dinagdee gooroof taasisu cimsuu akka qabu waliigalteerra ga’ameera . Minstirri Maallaqaa Obbo Ahimad Shidee Gamtaan Awurooppaa deeggarsa Itiyoophiyaatiif taasisaa jiru dinqisiifataniiru. Keessumaa deeggarsa Gamtichi Ejensii Misoomaa Faransaayii fi Baankii Invastimantii Awurooppaa waliin ta’uun dhiheessii sararoota humna Elektirikaa Itiyoophiyaa Aanniisaa Haaromfamaa fi Teekinooloojii Dijiitaalaan ammayyeessuun, dhiheessii annisaa fulla’aa fi nageenyisaa mirkanaa’eef sagantaa (RISED)’f taasisu akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Walga’iin Ministeerota Inisheetivii Gaanfa Afriikaa 27ffaan Bu’uralee dhiheessa Humnaa fi hojiiwwan walitti hidhaminsa Aannisaa Riijiniif dhiheessii faayinaansii guddisuun, dhiheessii Aannisaa Amansiisaa fi Madaalawaa mirkanaa’uu haala danda’umuratti kan marii’atan ta’uu odeeffannoo Ministeerri Maallaqaa ENA’f ergeen beeksiseera.
Ameerikaan invastimantii Itiyoophiyaadhaa qabdu bal’isuuf fedhii qabdi – Itti Aanaa Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa Kiristoofar Laandaawuu
Jan 28, 2026 12
Amajji 20/2018(ENA) - Ameerikaan invastimantii Itiyoophiyaadhaa qabdu bal’isuuf fedhii qabdi jedhan Itti Aanaan Ministeera Dhimma Alaa Ameerikaa Kiristoofar Laandaawuu. Ministirri Maallaqaa obbo Ahimad Shideen Itti Aanaa Dhimma Alaa Ameerikaa Kiristoofar Laandaawu waliin mari’ataniiru. Marichis haaromsa dinagdee Gooroo (maakaroo) Itiyoophiyaa fi tumsa Itiyoophiyaa fi Ameerikaa cimsuu akkasumas walta’iinsa waliigalaa guddachaa jiru irratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsameera. Marii kanarratti Ministirri Pilaanii fi Misoomaa doktar Fitsum Asaffaa fi Bulchaan Baankii Biyyoolessaa Itiyoophiyaa Iyyoob Takkaalliny hirmaataniiru. Riifoormiin diinagdee Gooroo Itiyoophiyaa jijjiirama cimaa akka agarsiise eeruun, adeemsi guddina dinagdee fi haalli invastimantii dameelee ijoo keessatti fooyya’insa guddaa agarsiiseera jedhani ministirri kuni. Ministirri kuni Itiyoophiyaa fi Ameerikaan hariiroo cimaa qabaachuu ibsuun,yeroo dhiyoo as deeggarsa Ameerikaan damee fayyaa irratti taasifte dubbatani. Ameerikaan Itiyoophiyaaf deeggarsa misoomaa taasisaa jirtu ajaa’ibsiifataniiru. Gama birootiin ministirichi ijaarsa buufata xiyyaaraa idil addunyaa Bishooftuutti jalqabame Itti Aanaa Ministira Dhimma Alaa Ameerikaaf ibsa kennaniiru. Gahee tarsiimoo buufanni xiyyaaraa guddina, walitti hidhamiinsa naannoo fi haala mijeessuu daldalaaf qabu kan ibsan yoo ta’u, dhaabbileen faayinaansii fi kontiraaktaroota Ameerikaa pirojekticha akka deeggaran gaafataniiru. Ameerikaan tumsa biyyoota lameenii Itiyoophiyaa waliin qabdu cimsuuf kutannoo qabaachuu irra deebi’anii mirkaneessaniiru. Ministeerri Maallaqaa odeeffannoo ENA’f ergeen, biyyoonni lamaan walta’insa Itiyoophiyaa fi Ameerikaa cimsuu, hirmaannaa damee dhuunfaa guddisuu fi misooma dinagdee itti fufinsa qabu deeggaruuf kutannoo waliinii qaban ta’uu ibseera.
Itiyoophiyaa fi Gamtaan Awurooppaa damee Aanniisaan tumsasaanii cimsuuf akka hojjetan ibsan
Jan 28, 2026 15
Amajjii20/2018(ENA)- Itiyoophiyaa fi Gamtaan Awurooppaa tumsa gamlamee damee Inarjiin qaban dagaagsuuf akka hojjetan beeksisan. Minstirri Maallaqaa Obbo Ahimad Shidee walga’ii Ministeerota Innisheetivii Gaanfaa Afriikaa27ffaa irratti hirmaachuuf har’a Somaaliyaa Moqaadishoo galaniiru. Ministirri Maallaqaa walga’ichaan dura Itti Aantuun Daarektara Jeneraalaa tumsa Idil-Addunyaa Komishinii Awurooppaa Feeraan waliin marii’ataniiru. Waltajjicharratti Ministirichii fi Itti Aantuun Daarektara Jeneraalaa dhimma tumsa biyyoota lamaanii cimsuu danda’an irratti kan mari’atan yoo ta’u, Gamtaan Awurooppaa qaama Innisheetivii Gaanfa Afriikaa kan ta’e koriidera Geejibaa Itiyoophiyaa fi Jibuutiif deeggarsa Faayinaansii taassifamu ilaalchisuun waliigalteerra ga’aniiru. Gamtaan Awurooppaa deeggarsa Riiformii Diinagdee gooroof taassisu cimsuu akka qabu waliigalteerra ga’ameera . Minstirri Maallaqaa Obbo Ahimad Shidee Gamtan Awurooppaa deeggarsa Itiyoophiyaatiif taassisaa jiru dinqisiifataniiru. Keessumaa deeggarsa Gamtichi Ejensii Misoomaa Faransaayii fi Baankii Invastimantii Awurooppaa waliin ta’uun dhiheessii sararoota humna Elektirikaa Itiyoophiyaa Aannisa Haaromfamaa fi Teekinooloojii Dijiitaalaan ammayyeessuun, dhiheessii aannisaa fulla’aa fi nageenyisaa mirkanaa’ef sagantaa (RISED)’f taassisu akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Walga’iin Ministeerota Innisheetivii Gaanfa Afriikaa 27ffaan Bu’uralee dhiheessa Humnaa fi hojiiwwan walitti hidhaminsa Aannisaa Riijiniif dhiheessii faayinaansii guddisuun, dhiheessii Aannisaa Amansiisaa fi Madaalawaa mirkanaa’uu haala danda’umuratti kan marii’atan ta’uu odeeffannoo Ministeerri Maallaqaa ENA’f ergeen beeksiseera.
Naannoo Harariitti dureeyyii kaappitaala birrii biiliyoona 2 tuqaa 5 ol galmeessisaniif eeyyamni invastimantii kenname.
Jan 28, 2026 17
Amajji 20/2018(ENA) - Naannoo Harariitti dureeyyii kaappitaala birrii biiliyoona 2 tuqaa 5 ol galmeessisaniif eeyyamni invastimantii kennamuu Biiroon Misooma Intarpiraayizii fi Industirii Naannichaa beeksise. Hogganaan Biiroo Misooma Intarpiraayizii fi Industirii naannichaa obbo Usmaa’il Yuusuf ENAtti akka himanitti, yaa’insa invastimantii naannichatti dabaluudhaaf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira. Damichaan abbootii qabeenyaa hawachuuf kenniinsa tajaajilaa fooyyessuu, bu’uuraalee misoomaa guutuu fi hojiiwwan biroo hojjetamuu ibsaniiru. Walakkaa bara baajataa kanaatti abbootii qabenyaa 65 kaappitaala birrii biiliyoona 2 tuqaa 5 ol galmeessaniif eeyyamni invastimantii akka kennames ibsameera. Dureeyyiin kanneeniif manufakchariingiin, daldalaanii fi damee birootiin eeyyamni kan kennameef ta’uu dubbataniiru. Pirojektoonni ji’a jaha keessatti eeyyamni kennameef kunneen guutummaan guutuutti hojiitti yeroo galan lammiilee gara kuma 2 ta’aniif carraa hojii akka uumanis eeraniiru. Waggoota shanan darbanitti naannichatti eeyyama invastimantii fudhatan keessaa yeroo ammaa indaastiriiwwan maanufaakchariingii 26 hojiirra kan jiran yoo ta’u, kunis lammiilee kuma 1 fi 916’f carraa hojii uumeera jedhan. Waajjirichi pirojektoota invastimantii hordofuu, deeggaruun, to’achuu irratti xiyyeeffachuun tarkaanfii sirreeffamaa fudhachaa akka jirus eeraniiru. Akka karoora baajata walakkeessa waggaatti pirojektoota 87 irratti hojiin hordoffii, deeggarsaa fi to’annoo kan raawwatame yoo ta’u, isaan keessaa 53 irratti tarkaanfiin sirreeffamaa akka fudhatame himaniiru. Haaluma kanaan kaayyoo kennemeen ala kan hojjetan pirojektoota 35 irratti akeekkachiifni kan kenname yoo ta’u, 12 irratti dhorka kaa’uun, pirojektoota 6 immoo eeyyamni invastimantii isaanii akka haqame himaniiru.
Saayinsii fi teeknooloojii
Sirni hubannoo namtolcheerratti hundaa’uun yakkoota faayinaansii ittisuuf gargaaru hojjetamuufi
Jan 27, 2026 46
Amajji 19/2018(ENA) - Maallaqa seeraan alaa fi deeggarsa shororkeessummaa maallaqaan taasifamu ittisuuf sirna hubannoo namtolchee (AI)’n hojjetu misoomsuuf waliigalteen mallattaa’eera. Walii galticha kan mallatteessan daariktara olaanaa Inistitiyuutii Hubannoo Namtolchee Itiyoophiyaa doktar Warquu Gaachanaa fi daariktara olaanaa Tajaajila Nageenya Maallaqaa Muluuqan Amaaree dha. Daariktarri olaanaa inistitiyuutichaa doktar Warquu Gaachanaa wayita sana akka jedhanitti, waliigaltichi tattaaffii Kutaan Odeeffannoo Faayinaansii daddabarsa maallaqaa fi faayinaansii shororkeessummaa ittisuuf taasisaa jiru kan gargaaru ta’uu ibsaniiru. Sirnichi hubannoo namtolchee (AI) irratti kan hundaa’e yoo ta’u, yakkoonni walxaxaa ta’an osoo hin raawwatamiin dursa ittisuu fi rakkooleen yeroo uumaman miidhaa guddaa osoo hin qaqqabsiisiin saffisaan furuuf kan dandeessisu ta’uu hubachiisaniiru. Sirna kana misoomsuuf hojiin haaldureewwanii hojjetamaa akka turan eeruun, hojii sadarkaa idil addunyaa eeggate hojjechuun yeroodhaan dhiyeessuuf qophii ta’uu dubbataniiru. Daariktarri Olaanaa Tajaajila Nageenya Maallaqaa Muluqan Amaaree gama isaaniin, Itiyoophiyaan akka miseensa Waldaa Dhaabbilee Faayinaansii fi Taaski Foorsii Tarkaanfii Faayinaansii Addunyaatti odeeffannoo yakka faayinaansii biyyoota biroo waliin akka wal jijjiirtu ibsaniiru. Maallaqa seeraan ala argame akka seera qabeessa ta’eetti itti fayyadamuu fi shororkeessummaa maallaqaan deeggaruun yakkoota walxaxaa fi daangaa ce’aa waan ta’aniif deeggarsa teekinooloojii barbaachisa jedhani. Misoomni sirnichaa yakkoota walxaxaa qolachuuf biyyootaa fi qaamolee seera kabachiisan waliin ta’uun yakka irraa bu’aa argachuun akka hin danda’amne agarsiisuuf kan gargaaru ta’uu eeraniiru. Itiyoophiyaan sirna maallaqa seeraan alaa argamee akka seera qabeessa ta’eetti itti fayyadamuu, yakkoota maallaqaa deeggarsa shororkeessummaaf oolan ittisuu fi nageenya ishee mirkaneessu misoomsuun ishee, biyyoota Afrikaa hedduuf fakkeenya ta’ee tajaajila jedhani.
Waraqaa Eenyummeessaa Dijiitaalaa FaayidaaTajaajila dhaabbilee Faayinaansii maamiltootaa saffisiisuuf ni deeggara
Jan 21, 2026 170
Amajjii13/2018(ENA)-Waraqaa eenyummeessaa Dijiitaalaa Faayidaa qabannaa ragaaMaamiltoota dhaabbilee Faayinaansii Ammayyeessuuf,tajaajila si’ataa fi nageenyisa eegame kennuuf deeggarsa guddaa akka taassisu ibsame. ENAn Hoggantoota hojii dhaabbilee faayinaansii Magaalaa Cirootti argaman tajaajila waraqaa eenyummeessaa Dijiitaalaa Faayidaa irratti dubbiseera. Akka Hoggantoonni hojii ibsanitti,Waraqaan eenyummeessaa Dijiitaalaa odeeffannoo Ijaa, fuulaa fi Ashaaraa qubaa maamiltootaa meeshaalee Elektirooniksiin qabachuun namni tokko odeeffannoo wal-fakkaatu qabatee tajaajila burjaajjiirraa qulqullaa’e kennuuf kan dandeessisudha. Hojii gaggeessaan Baankii Daldala Itoophiyaa Ciroo damee Odaa bultum Balaayi Yawaalaasheet akka ibsanitti,waraqaan eenyummeessaa Dijiitaalaa Faayidaa waraqaa eenyummeessaa sobaan burjaajjii raawwatamu ittisuuf gargaara. Waraqaan eenyummeessaa Dijiitaalaa odeeffannoo elektirooniksiin qabachuun tajaajilamaan eenyummaa tokko akka qabaatu gochuun dhugummaasaa mirkaneessuuf akka gargaaru dubbataniiru. Waraqaa eenyummeessaa Dijiitaalaa Faayidaa Baankichi kenna Tajaajila Maamilaa haaraa eegale kan saffisiisu ta’uu eeraniiru. Baankii Awaash Damee Ciroo hojii gaggeessaa tajaajila maamiltootaa fi oppireeshinii Tewoodiroos Salamoon gamasaaniin Waraqaan eenyummeessaa Dijiitaalaa Faayidaa Maamiltoonnii fi Baankonni haala guutuu ta’een akka wal beekan gochuun kenna tajaajilaa kan saffisiisudha. Maamililli lakkoofsa faayidaa tokkoon qofaan galmaa’uusaan Baankonni tajaajila liqaa yeroo kennan maamiltootasaanii akka beekanii fi hordoffii liqaa sirnaan akka raawwataniif kan deeggaru ta’uu dubbataniiru. Waraqaan eenyummeessaan Dijiitaalaa FaayidaadhaabbileeFaayinaansii keessatti tajaajila waraqaarraa bilisa ta’e hojiirra oolaa jiru saffisiisuuf kan deeggarudha jedhaniiru. Itiyoo Teeleekoomitti gidduugalli Damee gurgurtaa Ciroo Tonkoluu Baqqalaa Waraqaan eenyummeessa Dijiitaalaa Faayidaa odeeffannoo nama tokkoo haala wal fakkaatuun galmeessuun kenninsa tajaajilaa saffisa fi ammayaa’aa ta’e hojiirra kan oolchu ta’uu ibsaniiru.
Appilikeeshinichi tajaajila si’achiisuu fi deddeebisa maallaqaa seeraan alaa ittisuuf faayidaa guddaa qaba
Jan 20, 2026 164
Amajjii 12/2018(ENA)- Appilikeeshiniin baankiin daldalaa Itiyoophiyaa ifoomse tajaajila si’achiisuu fi deddeebisa maallaqaa seeraan alaa ittisuuf faayidaa guddaa akka qabu daarektarri olaanaa tajaajila diyaasporaa Itiyoophiyaa ambaasaaddar Fitsum Araggaa beeksisan. Baankiin daldalaa Itiyoophiyaa biyya alaarraa maallaqa erguuf kan gargaaru appilikeeshinii haaraa 'CBE Connect Digital Wallet' jedhamu hojii eegalchiiseera. Dijitaal teeknooloojiin ifoome diyaasporaan tajaajila si’ataa akka argatuu fi deddeebisa maallaqaa karaa seeraan alaa taasifamu ittisuu fi sharafa biyya alaa biyyattiin argattu guddisuuf faayidaa olaanaa akka qabu daarektarri olaanaa tajaajila diyaasporaa Itiyoophiyaa ambaasaaddar Fitsum Araggaa dubbataniiru. Bakka bu’aan pirezidaantii baankii daldalaa Itiyoophiyaa fi itti aanaan pirezidaantii tajaajila korporeetii Efreem Makuraa gamasaaniin, baankichi hojmaatasaa yeroo yeroon ammayyeessuun tajaajila si’ataa fi bu’a qabeessa kennaa akka jiru dubbataniiru. Baankichi dijitaala Itiyoophiyaa dhugoomsuuf teeknooloojiiwwan dijitaalaa babal’isaa akka jiru beeksisaniiru. Appilikeeshiniin hojiirra oole kun imalaa dijitaalaa baankichi itti jiru sadarkaa olaanaatti akka ceesisu eeranii, maamiltoota biyya keessaa fi biyya alaa caalaatti kan walitti hidhuu fi adeemsa hawaalaa kan si’achiisu ta’uu dubbataniiru. Appilikeeshiniin kun teeknooloojii dijitaalaa sirna faayinaansii Itiyoophiyaatiin jiru irratti jijjiirama guddaa akka fidu appilikeeshinii kana baankii daldalaa waliin walitti hidhuun kan hojjetan hojii raawwachiisaa olaanaa Staar weeyi Bassuufiqaad Geetaachoo ibsaniiru. Haalli mijataan mootummaan kaampaaniiwwan teeknooloojiif uume kalaqxoonni akkasii akka danatan gochuusaa eeranii, fuulduras bu’aalee teeknooloojii biro hojjechuuf akka hojjetan dubbataniiru.
Tarsiimoon dijitaala Itiyoophiyaa 2030 magaalaa Finfinnee Ismaarti siitii gochuuf hojii hojjetamu caalaatti kan si’achiisudha
Jan 20, 2026 144
Amajjii 12/2018(ENA)- Tarsiimoon dijitaala Itiyoophiyaa 2030 magaalaa Finfinnee Ismaarti siitii gochuuf hojii hojjetamu caalaatti kan si’achiisu ta’uu biiroon Innoveeshinii fi Teeknooloojii magaalaa Finfinnee beeksise. Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad hojiirra oolmaa dijitaala Itiyoophiyaa 2030 ifatti wayita jalqabsiisan, dijitaal 2030’n, qaqqabummaa bal’isuu, lammiileef carraa walqixa uumu akkasumas lammiilee fi dhaabbilee jidduutti wal amantaa ijaaruun galmoota tarsiimichaa kanneen ijoo ta’uu himaniiru. Itti aanaa hoogganaan biiroo Innoveeshinii fi Teeknooloojii bulchiinsa magaalaa Finfinnee doktar Tulluu Xilahuun ENA’f akka ibsanitti, waggoottan darban hojiileen bu’ura misoomaa milkaa’oon ijaarsa dinagdee dijitaalaaf murteessaa ta’an magaalaa Finfinneetti hojjetamaniiru. Keessumaa magaalattiitti tarsiimoon dijitaala Itiyoophiyaa 2025 bu’a qabeessummaan raawwatamuu eeranii, Kunis cehumsa dijitaala Itiyoohiyaa 2030’f bu’ura cimaa kaa’uusaa beeksisaniiru. Tarsiimoo dijitaalaa 2025tiin magaalaa Finfinneetti Paarkiin ‘ICT’ babal’achuusaa wabeeffataniiru. Walitti hidhamiinsi neetwoorkii Kanaan dura si’aayina gadi aanaa fi sadarkaa gadi aanaadhaan murtaa’ee ture fooyya’uusaa ibsanii, yeroo ammaa dhaabbileen mootummaa saddettamii jaha bu’ura misoomaa Siitii neet (City Net)dhaan wal qabachuusaanii beeksisaniiru. Dabalataanis qaqqabummaan tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob fi eenyummeessaa biyyaalessaa faayidaa magaalattiiitti hojiirra oolfamaa jiru bu’aa tarsiimichaa ta’uu dubbataniiru. Tajaajila mootummaa magaalattiitti kennaman guutummaatti dijitaalaayiz gochuun lammiilee bakka jiranitti tajaajila si’ataa akka argatan bu’ura kaa’uusaa ibsaniiru. Tarsiimoon dijitaala Itiyoophiyaa 2030 hojii magaalaa Finfinnee Ismaarti siitii gochuuf hojjetamu caalaatti kan ariifachiisuu fi jireenya lammiilee kan si’achiisu ta’uu dubbataniiru. Tarsiimoon kun fayyadamaa teeknooloojii qofa osoo hin taane, kalaqxoota furmaatilee dijitaalaa haaraa ta’an maddisiisan akka ta’an haala mijataa akka uumu dubbataniiru. Walumaa gala tarsiimoon dijitaala Itiyoophiyaa 2030 mul’ata Finfinnee ammayyaa fi Ismaarti siitii badhaate gochuuf qabame akka dhugoomsu beeksisaniiru.
Ispoortii
Madin Itiyoophiyaan Machaal waliin taphata
Jan 26, 2026 97
Amajji 18/2018(ENA) - Piriimiyerliigii Itiyoophiyaa torbee 17ffaa oolmaa lammaffaa irratti taphoonni sadii ni taphatamu. Kilabni Madin Itiyoophiyaa Machaal waliin har’a guyyaa keessaa sa’aatii 10tti istaadiyeemi Finfinneetti taphata. Shaampiyoonaan liigii yerichaa Madin Itiyoophiyaan taphoota 16 taphachuun 4 mo'atee, 6 moo'ameera. Taphoota biroo 6 immoo wal qixa bahuun,taphoota 16 keessaa 12 galchuun,galchiin 14 itti lakkaa’ameera. Madin qabxii 18’n sadarkaa 114 qabateera. Morkataan isaa Machaal taphoota 16 hanga ammaatti taphateen taphoota 7’n mo’atee, taphoota 4’n immoo mo’ameera. Yeroo shan immoo qixa baheera. Galchii 22 lakkoofsisuun, galchiin 13 itti lakkaa’ameera. Machaal qabxii 26’n sadarkaa 5ffaa qabateera. Madin Itiyoophiyaan taphoota lama booda gara injifannootti deebi'uuf taphaphata. Machaal yoo injifate injifannoo isaa walitti aansuun yeroo sadaffaaf galmeeffata. Tapha biraatiin immoo Qiddus Goorgisiin Midire Gannat Shiree waliin guyyaa keessaa sa'aatii 7:00tti istaadiyeemii Finfinneetti ni taphata. Qiddus Goorgis bara kana hanga ammaatti taphoota 16 taphate keessaa 6 yoo injifatu, haaluma walfakkaatuun taphoota 6 immoo mo’atameera. Yeroo 4 immoo walqixa bahuun, galchii 15 galchuun, gooliiwwan 12 keessummeesseera. Shaampiyoonaa liigii yeroo 16 kan ta'e Qiddus Goorgis qabxii 22’n sadarkaa 8ffaa irra jira. Morkataan isaa Midire Gannat Shireen taphoota 16 taphatee shan injifateera. Yeroo jaha mo'amee shan qixa ba'eera. Taphoota 16 irratti goolii 16 galchuun, gooliin 13 immoo itti lakkaahameera. Midire Gannat Shireen qabxii 20’n sadarkaa 10 irra jira. Guyyaa keessaa sa’aatii 10tti Itiyoo Elektirikiin Walaayittaa Diichaa waliin istaadiyeemii Yunivarsiitii Saayinsii fi Teekinooloojii Adaamaatti taphatu. Itiyoo Elektirikiin qabxii 25’n sadarkaa 7ffaa yoo qabatu, Walaayittaa Diichaan immoo qabxii 14’n sadarkaa 19ffaa qabachuun sadarkaa gadi bu’insaa keessa jira. Torbee 16ffaa irratti Maqalee sabaa’andartaa mo'amuun kan isa mudate Etiyoo Elektirikiin gara injifannootti deebi'uuf kan taphatu dha. Taphoota liigii 6 darban walitti aansuun injifannoo malee kan ture Walaayittaa Diichaan qabxii sadii yoo argate naannoo gadi bu'iinsaa keessaa bahuu danda’a.
Walmorkiin seenaa qabeessii Arsenaalii fi Maanchistar Yuunayitid Hawwiin eegamu har’a galgala gaggeeffama
Jan 25, 2026 145
Amajjii17/2018(ENA)- Taphni Piriimar Liigii Ingiliz sagantaa torban 23ffaan Arsenaalii fi Maanchistar Yuunaayitid har’a gaggeessan Hawwiin eegama. Taphni Kilaboota lamaanii galgala sa’atii 1:30 Istaadiyeemii Emireetisitti ni gaggeeffama. Arsenaal tapha liigichatti gaggeesseen yeroo15n yoo injifatu,yeroo2 mo’ameera. Yeroo 5n qixaan adda baheera. Taphichaan Arsenaal galchiiwwan40 yoo lakkoofsisu galchiiwwan14 keessummeesseera. Lenjisaan Lammii Ispeen waggaa 43 kan ta’e Maayikil Arteettaan kan durfamu Arsenaal qabxii 50n sadarkaa 1ffaarratti argama. Morkataansa Maanchistar Yuunaayited bara dorgommichaatti taphoota gaggeessee 22n yeroo 9 yoo injifatu yeroo 5n mo’ameera. Taphoota hafan biroo 8n qabxii qooddateera. Morkataansa Maanchistar Yuunaayited galchii 38 yoo lakkoofsisu galchii 32 keessummeesseera. Leenjisaa Lammii Ingiliz Waggaa 44n kan ta’e Maayikil Kaarikiin kan leenji’u Maanchistar Yuunaayitid qabxii 35n sadarkaa 5ffaarra jira. Kilaboonni lamaan morkiiwwan hundaan kan walitti dhufan kan ammaa yeroo 246ffaa dha. Turtii ammaan dura yeroo 245n walitti dhufanitti Maanchistar Yuunaayitid yeroo 99 injifateera. Arsenaal Yeroo 91 yoo injifatu yeroo 55n qixaan adda baheera. Piriimar liigichatti yeroo 66 taphateera. Maanchistar Yuunaayitid yeroo 25n yoo injifatu Arsenaal yeroo 23 injifateera. Yeroo 18 qixaan adda baheera. Taphoota liigichaa shanan darbanitti Arsenaal yeroo 4 yoo injifatu yeroo tokko qabxii qooddateera. Yuunaayitid Liigichatte yeroo dhumaaf Arsenaaliin kan mo’ate A.L.A. Fulbaana 4 bara 2022 yoo ta’u , wayita sana 3 fi 1n injifateera. Arsenaalii fi Maanchistar Yuunaayitid seenaa Piriimar Liigii Ingilizitti gariiwwan morkattootaa kan jedhamanidha. Kilaboonni kunnen yeroo jalqabaaf kan walitti dhufan A.L.A bara 1894 ture. Taphichaan gareewwan kunneen sadii sadiin walqixaan adda bahaniiru. Gareewwan kun tapha jalqabaarraa eegalanii walmorkii waggaa 131 waltajjii Awurooppaa fi Ingiliz irratti gaggeessaniiru. Arsenaal Waancaa Liigichaa yeroo 13 yoo fudhatu, Maanchistar Yuunayitid yeroo 20 injifachuun olaantummaa qabateera. Taphichaan Arsenaal taphoota lamaan booda gara injifannootti deebi’uuf, Yuunayitid Injifannoo darbii Maancisterbooda injifannoo ittifufaa galmeessisuuf walmorkii taassifamudha. Tapha kilaboota lamaanii Hawwiin eegamu Kireeg Paawusan Abbaaseerummaan gaggeessu. Sagantaa birootiin Kiristaal paalaas Chelsii waliin , Niwuukastil Yuunaayitidii fi Astonviilaa fi Bireentifoordi, Nootingam Foorest guyyaa sa’aatii wal fakkaataa 11:00tti taphasaanii gaggeessu.
Manchistar Siitiin Woolvis waliin taphata
Jan 24, 2026 130
Amajjii 16/2018 (ENA) – Taphoonni Piriimar Liigii Ingiliiz torbee 23ffaan har’aa eegaluun nigaggeeffamu. Har’a taphoota shantu taphatama. Galgala sa’aatii 12tti Maanchistar Siitiin istaadiyeemii Itihaaditti Woolvis waliin taphata. Manchistar Siitiin qabxii 43’n sadarkaa lammaaffaa yoo qabatu,morkataan isaa Woolvis immoo qabxii saddeetiin sadarkaa dhumaa 20ffaa irra jira. Taphoota Liigii afur taphatameen injifachuu hin dandeenye. Qabxii 12 keessaa sadii qofa argachuu danda'eera. Faallaa kanaatiin, Woolvis liigii 16 irratti mo'amuun bara kana tapha tokko qofa injifateera. Maanchistar Siitiin dorgommii waancaa keessa turuuf tapha har'aa irraa qabxii sadii fudhachuu qaba. Woolvis yoo injifate, naannoo gadi bu'iinsaa keessaa ba'uuf waldhaansoo taasisu keessatti deeggarsa guddaa ta’aafi. Taphoota birootiin ammoo Boornimaawuz galgala sa'aatii 2:30 irratti istaadiyeemii Vaayitaalitiitti Liivarpuul waliin taphata. Boornimaawuz qabxii 26’n sadarkaa 16ffaa qabateera. Liivarpuul immoo qabxii 36’n sadarkaa 4ffaa irra jira. Abbaan istaadiyeemii Boornimaawuz walitti aansuun injifannoo isaa galmeessuuf kan taphatu yoo ta’u, Liivarpuul ammoo qixa afur walitti aansuun taphachuu isaa irraa gara injifannootti deebi’uuf morkii taasisa. Weestihaam Yunaayitid sa'aatii 9:30tti Saandarlaandi waliin, Fuulhaam Biraayitan waliin haaluma walfakkaatuun Barnileey ammoo sa'aatii 12tti Tootinaam Hootispar waliin taphatu.
Baayer Muunik Shaampiyoonsi Liigichaan mo’atanii darbuutti makameera
Jan 22, 2026 177
Amajjii 14/2018(ENA)-Sagantaa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaan Baayeer Muunik, Yuuniyeen Seeyinti Jilwaan 2 fi 0n injifateera. Tapha Galgala Istaadiyeemii Aliiyaanzi Areenaatti gaggeeffameen Harii Keen taphaa fi rukkuttaa adabbiin galchii injifannoo lakkoofsiseera. Shaampiyoonsi Liigichatti Harii Keen baay’inni galchii lakkoofsise 7 ga’eera. Bara dorgommii kanatti dorgommiiwwan hundatti galchiiwwan lakkoofsise gara 34tti ol guddiseera. Taphataan Baayer Muuniik Miin-Jee Kiim daqiiqaa 63ffaa irratti kaardii keelloo lama erga fudhatee booda kaardii diimaan dirreetii baheera. Bu’aa kana hordofee Baayer Muunik qabxii 18’n Arsenaalitti aanee kilabii 2ffaa mo’atanii darbuutti darbe ta’eera. Gareen Beeljiyeem Yuuniyeen Seeyinti Giiliwaa qabxii 6’n sadarkaa 31ffaa irra jira. Taphoota biroon Liivarpuul Maarseyiin 3 fi 0n injifateera. Doominiik Siboozilaay, Kodii Gaappikoo fi karra eegaan Marseeyi Jeerooniimoo Ruulii ofirratti galchii lakkoofsiseera. Liivarpuul qabxi 15’n sadarkaa 15ffaa yoo qabatu, Marseey qabxii 9’n sadarkaa 19ffaa qabateera. Cheelsiin Paafoosin galchii Bemooses Keeyisdo galcheen 1 fi 0n injifateera. Baarseloonaan Dirreesaan alatti Silaaviyaa Piraagiin 4 fi 2’n injifateera. Fermaan Loopeez galchii 2 yoo lakkoofsisu, Daanii Olmoo fi Rooberti Lewandoskii galchiiwwan hafan lakkoofsisaniiru. Vaasiil Kuseejii fi taphataan Baarseloonaa Rooberti Lewaandooskii Saliiviyaa Piraag ofirratti galchiiwwan lakkoofsisaniiru. Niwuukastil Yuunaayitid goolii Aroon wiisaa, Antoonii Gordanii fi Harvii Baarniis galchanii PSV Ayindihoveniin 3 fi 0’n injifateera. Juuventus Benefiikaan 2 fi 0’n, Atileetikoon Bilbaa’oo Atilaantaan 3 fi 2’n injifateera. Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa sagantaan dhumaa torban itti aanu gaggeeffama.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Itiyoophiyaan bulchiinsa qabeenya bishaanii fi hojiilee misooma sululssrratti hojiiwwan bu’a qabeessa ta’an hojjechaa jirti
Jan 22, 2026 132
Amajjii 14/2018(ENA) - Itiyoophiyaan bulchiinsa qabeenya bishaanii fi misooma sululaa irratti hojiiwwan bu’a qabeessa ta’an hojjechaa jiraachuu Ministirri Bishaanii fi Inarjii doktar Injiinar Habtaamuu Ittafaa ibsan. Ministeerri Bishaanii fi Inarjii bara baajata bara 2018 gamaaggama raawwii karoora ji'a 6 magaalaa Naqamteetti gaggeessaa jira. Doktar Injiinar Habtaamuu Ittafaan wayita sana akka jedhanitti, baroota darbe qabeenya bishaanii haala gaariin misoomsuun itti fayyadamuuf tarkaanfiiwwan fudhataman bu’aa gaarii argamsiisaniiru. Itiyoophiyaan kan hordoftu itti fayyadamaa fi bulchiinsi qabeenya bishaanii haqa qabeessaa fi madaalawaa ta’een hojii misoomaa saffisiisuu keessattis gahee olaanaa qaba jedhan. Itiyoophiyaan bulchiinsa qabeenya bishaanii fi misooma bishaan sululaa irratti hojiiwwan bu’a qabeessa qabatamaa hojjetteetti jedhan. Gama biraatiin ministeerichi misooma bishaan kuufamaa fi fooyya’iinsa jireenyaa naannoo gammoojjiitti hojiiwwan abdachiisaa ta’e hojjechaa jiraachuu eeraniiru. Qabeenya bishaaniin dabalatatti qabeenya anniisaa sirnaan adda baasuu fi hojiirra oolchuun itti fayyadamuu akka barbaachisu himaniiru. Waltajjii kana irratti Miseensonni Mana Maree Bakka Bu'oota ummataa, hoggantoonni Biiroo Bishaanii fi Inarjii Mootummaa Federaalaa fi Naannoolee, akkasumas Bulchiinsa magaalota lamaanii hirmaataniiru.
Godina Wallaggaa Lixaatti sululoota 487 irratti hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii hojjetamaa jira
Jan 22, 2026 110
Amajjii 14/2018(ENA) – Godina Wallaggaa Lixaatti sululoota 487 irratti hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii gaggeeffamaa jiraachuu Biiroon Qonnaa Godinichaa ibse. Waajjira Qonnaa Godina Wallaggaa Lixaatti Dursaan Garee Eegumsa Qabeenya Uumamaa obbo Fiqiruu Birhaanuu akka jedhanitti, Godinicha keessatti sululoota 487 irratti hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii hojjetamaa jira. Hojiilee bara darbe kunuunsa biyyee fi bishaaniif taasifame irraa qonnan bultoonni faayidaa qabatamaan waan arganiif, kan baranaas haala gaariin irratti hirmaachaa jiru jedhan. Hojiilee kunuunsa biyyee fi bishaaniif bara darbe taasifameen lafti dhiqamee ture deebi’ee misoomeera jedhan. Bara darbe hojii misooma kunuunsa biyyee fi bishaanii hojjetaniin faayidaa argachuu eeruun, kan baranaas haala gaariin irratti hirmaachaa jiraachuu kan himan immoo qonnaan bulaa obbo Hambisaa Guddinaati. Lafti isaanii kanaan dura dhiqama biyyeef saaxilamee oomishaa fi oomishtummaan kan gadi bu’e ta’uu eeruun, amma garuu lafti isaanii damdamachuu himaniiru. Hojiilee kunuunsa biyyee fi bishaaniin daagaa fi hojiiwwan eegumsa naannoo kan biroo hojjetaniin naannoo isaaniitti jijjiiramni qabatamaan argameera kan jedhan immoo qonnaan bulaa gara biroo obbo Kennasaa Ammumaa dha. Kanaafuu kunuunsa biyyee fi bishaanii misooma daagaa irratti qonnaan bultoota biroo waliin ta’uun hirmaachaa akka jiran dubbataniiru.
Misoomni kunuunsa naannoon hojjetaman dhaloota fayyaa qabeessa horachuuf faayidaa olaanaa qabu
Jan 16, 2026 157
Amajjii 8/2018(ENA) – Itiyoophiyaatti hojiiwwan kunuunsa naannoo fi misooma magariisaan hojjetaman dhaloota fayyaa qabeessa horachuu keessatti faayidaa olaanaa akka qaban ogeessonni fayyaa dhaabbilee fayyaa idil-addunyaa keessa hojjetan ibsan. Sirni hundeeffama Waldaa Daa'immanii Heemaatooloojii fi Onkooloojii Itiyoophiyaa magaalaa Finfinneetti gaggeeffameera. Sirna kana irratti ogeessonni fayyaa ENAtti akka himanitti Itiyoophiyaatti misoomni kunuunsa naannoo fi misoomni magariisaa fayyaa namaa eeguuf, sochii ispoortii fi hariiroo hawaasaaf faayidaan isaan qaban olaanaa jedhan. Awustiraaliyaatti ogeessa fayyaa kan ta’an doktar Biroonwin Maakinaamaaraa magaalaa Finfinneetti qulqullina naannoon,bakkeewwan magariisaa fi paarkota babal’isuun hojiin hojjetame magaalittiin kan duraarraa adda ta’uu ibsan. Keemikaalonnii fi pilaastikoonni rakkoo fayyaa geessisuu waan danda’aniif, faalama hambisuuf tattaaffiin adeemsifamaa jiru kan ajaa’ibsiifamu ta’uu himan. Hojiiwwan kunuunsa naannoo taasifame eegumsa fayyaaf faayidaa olaanaa qabu jedhan Yunivarsiitii Toroontootti piroofeesara kan ta’an Shiilaa Wayitzimaan. Magariisnii fi naannoon qulqulluu eegumsa fayyaaf wantoota gargaaruu danda’an keessaa tokko ta’uu eeruun, dhibee dursanii ittisuun brabaachisaadha jedhan. Daarektarri Piyuur Eerzi (Pure Earth) Baha Afrikaa Fireewu Kaffaaloo gama isaaniin waggoota hedduudhaaf kunuunsaa fi eegumsa qulqullina naannoo irratti dargaggoota hirmaachisuun hojjechaa jiraachuu himan.
Godinichatti lafa heektaara kuma 273 caalu irratti hojiin eegumsa biyyoo fi bishaanii gaggeeffamuu eegaleera
Jan 15, 2026 167
Amajjii 7/2018(ENA)- Godina Shawaa Lixaatti lafa heektaara kuma 273 caalu irratti hojiin eegumsa biyyoo fi bishaanii gaggeeffamuu eegaluusaa bulchaan godinichaa ibse. Hojiin eegumsa biyyoo fi Bishaanii sadarkaa godinaatti gaggeeffamu aanaa Amboo ganda Ilaamuu Goromtiitti ifatti eegalameera. Itti aanaa bulchaan godina Shawaa Lixaa obbo Abbabaa Camadaa wayita sana akka jedhanitti, hojiileen eegumsa biyyoo fi bishaanii waggoottan darban raawwataman lafti deebi’ee akka gabbatu godheera. Bona kanas hojii kana itti fufsiisuudhaan duula eegumsa biyyoo fi bishaanii qindaa’aa baatii lamaaf turu kutaalee hawaasaa garagaraa hirmaachisuun lafa heektaara kuma 273 caalurratti hojiin eegumsa biyyoo fi bishaanii akka raawwatu dubbataniiru. Hojii bifa duulaan gaggeeffamu Kanaan jiraattonni godinichaa kuma 600 caalan ni hirmaatu jedhamee akka eegamus himaniiru. Itti aanaan hoogganaa waajjira qonnaa godina Shawaa Lixaa obbo Abdiisaa Hayiluu gamasaaniin, hojii eegumsa biyyoo fi bishaanii bu’a qabeessa gochuuf ogeeyyota qonnaa sadarkaan jiran, qonnaan bultootaa fi kutaalee hawaasaa biroof leenjiin kennamuu dubbataniiru. Bulchaan aanaa Amboo obbo Masarat Guddisaa akka jedhanitti, hojiilee eegumsa qabeenya uumamaa yeroo darbe aanichatti gaggeeffameen bakkeewwan misoomaan ala turan deebi’anii misoomaa jiru. Hawaasnis faayidaasaa waan hubateef misooma sululaarratti hirmaachaa jiraachuu eeranii, aanichatti lafa km kuma 2 fi 700 ol hojiileen daagaa, lubbu qabeeyyii ni raawwatama jedheera. Qonnaan bultoonni aanaa Amboo ganda Ilaamuu Goromtii hojiin misooma sululaa hojiirra osoo hin ooliin dura lafti qonnaa isaanii biyyoon gabbataan lolaan waan haxaa’ameef oomishtummaansanii hir’achuusaa eeraniiru. Rakkoo kana furuufis hojii eegumsa biyyoo fi bishaanii qindaa’aarratti hirmaachuusaanii ibsaniiru. Hojiileen eegumsa biyyoo fi bishaanii waggoottan darban misooma sululaan raawwataman dhiqama biyyoo oolcheera jedhan. Kunis oomishni midhaanii akka dabalu gochuusaa dubbataniiru.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 1849
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan. Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru. Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru. Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.
Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifama
Dec 7, 2024 10106
Sadaasa 27/2017(TOI) - Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu Humni Elektiriikii Itoophiyaa beeksise. Har'a galgala kana tasgabbii dhabuu sistamaatiin rakkoo mudateen guutuu biyyattiitti humni elektirikii addaan citeera. Rakkoo kana hiikuufi humnicha deebisuuf buufatalee maddoota humnaafi raabsaatti tattaaffiin olaanaa taasifamaa jira. Rakkoo umame Humni Elektiriikii Itoophiyaa hiikee hanga bakkasaatti deebisutti obsaan akka nu eegdan kabajaan gaafachaa, odeeffannoowwan jiran hatattaamaan kan isiniin biraan geenyu ta'a jechuun Tajaajilli Elektiriikii Itoophiy karaa miidiyaa hawaasummaa isaa beeksiseera.