ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Abbaan Taayitaa Hambaa Federaalaa Golambaa fi gidduugala Aadaa Oromoo Salaaleetiif beekamtii kenne
Aug 13, 2026 17
Hagayya 07/2018 (ENA)-Godina Shawaa Kaabaatti Abbaan Taayitaa Abbaan Taayitaa Hambaa Federaalaa Golambaa fi gidduugala Aadaa Oromoo Salaaleetiif beekamtii kenneera. Abbaan Taayitaa Hambaa Federaalatti Dursaa Garee qorannoo fi qo'annoo Dr.Itaagenyi Asras sagantaa kana irratti haasaa taasisaniin Kaayyoon galmeefi beekkamtii kennuu Golambaafi Giddu gala Aadaa; duudhaa, aadaafi seenaa hawaasni kunuunsee asiin gahe calamatti akka kunuunfaman taasisuun sadarkaa biyyaa fi Idil Addunyaatti beeksisuuf ta'uu ibsanii jiru. Hojiin kun tajaajila Golambaalee si’eessuun qabiyyee Golambaalee kan gabbisuufi tajaajila yeroon gaafatu kennuu kan dandeesisu ta'us himanii jiru. Saganticharratti Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaarraa Obbo Admaasuu Gaaggaa akka jedhanitti Biiroon Aadaafi Turizimii Aadaa,safuu fi duudhaa uummatichaa lafa qabsiisuuf kan hojjetu ta'uu ibsuun,sirni beekkamtii guyyaa har'aa kenname hanga ammaatti hojii hojjetame galateeffachuun,gara fuula duraatti akka naannoo fi biyyaatti Golaambicha beeksisuufi guddisuuf hojii caalmaan akka hojjetamu imaanaa kennuu akka ta'e himanii jiru. Akka Naannoo Oromiyaatti Golambaan kun sadarkaa 5ffaa irratti kan galmaa'e ta'uu himuun,waraqaan beekkamtii kuni sirna itti gaafatamummaa waliin kan kenname akkasuma sirni beekkamtii kuni caalmaatti aadaa,duudhaafi seenan uummatichaa akka beekamu qooda olaanaa qabachuus himanii jiru. Itti gaafatamtuun Giddugala Damee Ijaarsaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Godina Shawaa Kaabaa Aadde Meeroon Mokonnin akka jedhanitti Uummanni Salaalee, aadaa,duudhaa fi seenaa dilbii kan qabu ta'uu himuun,uummatichi qabeenya kana kunuunseefi eegee gurmeessuun dhaloota dhufu dhaalchisuuf Golaambaatti fayyadamaa jiraachuu ibsanii jiru.
Miidiyaaleen hojii isaani keessatti faayidaa biyyaaleessaa gidduugalaa taasisuu qabu
Aug 13, 2026 75
Hagayya 7/2018 (ENA): Miidiyaaleen hojii isaani keessatti faayidaa biyyaaleessaa gidduugalaa taasisuu akka qaban Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataatti waliitti qabaan koree Dhaabbi dhimmoota Dimokraasii Obbo Iwunatee Allanee ibsan. Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Itoophiyaa sirna to'annoo miidiyaa cimsuuf dandeessisu waliigaltee waloo dhaabbilee adda addaa waliin mallatteesseera. Waliigaltichas Hoggantun Olaanaan Abbaa Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaa Haaymanot Zallaqaa hojii gaggeessitoota dhaabbilee waliin mallatteessaniiru. Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataatti Waliiti qabaan koree Dhaabbi Dhimmoota Dimokraasii Obbo Iwunatee Allanee akka jedhanitti, miidiyaaleen ijaarsa biyyaa fi dhalootaa keessatti shoora qabaachuu ibsaniiru. Bara ammaa kana odeeffannoon sobaa babal'achuu fi gaazzexeessummaan, akkasumas rogeessuumman walitti makamuu isaanii eeraniiru. Meeshaan guddaan biyyaa fi dhaloota ijaaru lolaa fi walitti bu'insaaf oolaa akka jiru kaasanii, kunis dandeettii to'annoo miidiyaa dijiitaalaa kan qoru ta'uu ibsan. Dhiibbaa gama miidiyaa dijiitaalaan dhufu to'achuuf imaammanni dandeessisu akka barbaachisus dubbataniiru. Faayidaan biyyaaleessaa, nagaa fi tasgabbiin uummataa xiyyeeffannoo guddaa hojii miidiyaalee ta'uu akka qabu eeranii, kanaafis sirna uumuu fi muuxannoowwan fudhachuun akka barbaachisu hubachiisaniiru. Labsiin bilisummaa odeeffannoo isa kanaan duraarra haala fooyya'aan qophaa'uu kan ibsan Obbo Iwunatee Allanee, dhaabbileen odeeffannoo miidiyaaleef banaa gochuun dirqama isaanii ta'uus eeraniiru. Nagaa fi guddina biyyaatiif tattaaffii qindaawaa gochuun akka barbaachisu kaasanii, miidiyaaleen carraa kanatti sirnaan fayyadamuu qabu jedhaniiru.
Naannoo Oromiyaatti Waggoottan Shanan darbanitti pirojektoonni kuma 96 caalan ijaaramanii tajaajilaaf ooluu isaanii Obbo Awwaluu Abdii ibsan
Aug 13, 2026 67
Hagayya 7/2018 (ENA): Naannoo Oromiyaatti tajaajila kennamu ammayyeessuu fi itti quufinsa hawaasaa mirkaneessuufi ijaarsa dhaabbilee ammayyaa cimsuun itti fufee jiraachuu Itti Aanaan Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii dubbataniiru. Itoophiyaatti sadarkaa adda addaatti rakkoolee bulchiinsa gaarii, birookraasii fi hir'ina hojimaata ammayyaa dhaabbilee mootummaa keessatti mul'atan bu’uurarraa furuuf hojiileen riiformii biyyaalessaa hojjetamaa turaniiru. Haaluma kanaan Naannoo Oromiyaatitti waggoottan dhiyoo asitti hoj maatileen Itti quufinsa hawaasaa mirkaneessan, hojimaata iftoomina fi si'aa’ina kan qabu gochuuf akkasumas fayyadama teeknoolojii irratti hundaa'uun fooyya'insi dhaabbilee taasifameera. Sochii tajaajila ammayyeessuu fi dhaabbilee ammayyaa ijaaruu kunis rakkoo birookiraasii fi malaammaltummaa hir'isuu; tajaajiloota dijitaalessuu, wiirtuulee tajaajilaa ammayyaa ijaaruu fi caasaa mootummaa fi humna namaa fooyyessuu keessatti bu'aawwan gurguddoon akka galmaa’an taasiiseera. Walumaagalatti hojiileen ijaarsa teeknoolojii fi dhaabbilee naannichatti hojjetamaan gaaffilee bulchiinsa gaarii deebisuu bira darbee, sochii hawaasummaa fi dinagdee naannichaa ariifachiisuuf haala mijaataa uumaa jira. Har'as qaama tattaaffii kanaa kan ta'e fi baasii birrii biliyoona 1 caaluun kan ijaarame Gamoon Waajjira Bulchiinsa Godina Jimmaa eebbifameera. Sirna eebbaa kana irratti Itti Aanaa Pireezidaantii Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii,fi Itti Gaafatamaan Damee Siyaasaa Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Namarraa Bulii akkasumas hoggantoonni sadarkaa Federaalaafi naannoo argamanitti eebbifamuun tajaajilaaf banaa ta'eera. Obbo Awaluu Abdi akka jedhanitti; waggoota shanan darban keessatti hojiilee hojjetamaniin pirojektonni misoommaa 96 kuma caalan ijaaramaanii tajaajila kennaa jiraachuu ibsaniiru Pirojektoonni kunnis gaaffii hawaasaa giddu-galeessa kan godhatan ta'uu eeraniiru. Dabalataanis naannichatti wiirtulee tajaajila tokkoo (Masoobi) 96 ijaaramaanii tajaajila si'ataa kennaa akka jiran ibsaniiru. Gara fuulduraattis waadaa ummata keenyaaf seenne hojiin dhugoomsuuf gahee fi itti gaafatamummaa keenya bahachuuf cimsinee hojjenna jedhaniiru. Walumaagalatti naannichatti yaadama 'Ida’amuun ' hojiileen raawwataman dameelee Siyaasaa, Hawaasummaa fi Dinagdee keessatti jijjiama guddaa fiduu isaanii ibsaniiru. Gama biraatiin Itti Gaafatamaan Damee Siyaasaa Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Namarraa Bulii akka jedhanitti; Paartiin Badhaadhina naannichatti dinagdee cimaa ijaaruuf, barnoota fi teknoolojii babal'isuuf akkasumas tajaajila ammayyaa kennuuf tattaaffiin taasiise bu'a qabeessa ta'uu dubbataniiru. Waggoota ja’aa fi torban darban keessatti naannichatti guddina dinagdee olaanaan galmeeffamuu isaas akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Dabalataanis omishtummaa guddisuu fi carraa hojii babal'isuu keessatti paartichi waadaa ummataaf seene bahachaa jiraachuu itti dabaluun ibsaniiru. Gamoon bulchiinsaa har'a eebbifame kun kutaa 125 kan qabu fi sekteroonni mootummaa 17 tajaajila keessatti kan kennan ta'uu kan ibsan immoo Bulchaa Godina Jimmaa Obbo Tijaanii Naasir ti.
Chelsiin taphaataa isaa Enzoo Fernaandeez gurguruuf daangaa guyyaa xumuraa kaa'e
Aug 13, 2026 63
Hagayya 7/2018 (ENA): Cheelsiin taphaataa isaa Enzoo Fernaandeez gurguruuf daangaa guyyaa xumuraa kaa'uu beeksise. Maanchistar Siitiin taphataa sarara gidduu Cheelsii Enzoo Fernaandeez fudhachuuf fedhii akka qabu himamaa jira. Cheelsiinis Maanchistar Siitiin taphataa kanaa bituuf gaaffii nanbitaa daangaa guyyaa keessatti dhiheesuu danda'u murteeseera. Maanchistar Siitiin hanga Jimaata galgalaatti qofa Yuuroo miliyoona 120( £120) Cheelisiin beeksiseera jedhameera. Cheelisiin guyyaa kanaan booda Maanchistar Siitiin gaaffii taphaticha bituu yoo dhiheesse taphaticha akka hin gurgurre ibseera. Daangaa yeroo gurguraa kaa'ame kanas bakka buutota Maanchistar Siitii fi taphaticha beeksisuu isaa kilabichi ibseera.
Yaa’iin Marii Biyyaalessaa haala karoora qabameen milkiin adeemsifamaa jira – Komishinicha
Aug 13, 2026 74
Hagayya 7/2018 (ENA):Yaa’iin Marii Biyyaalessaa karooruma qabame irratti hundaa'uun milkiin adeemsifamaa akka jiru Itti Aantuun Komishiinara Olaanaa Komishinii Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa, Hiruut Gabra-Sillaasee ibsan. Itti Aantuun Komishiinara Olaanaa Komishinii Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa Hiruut GabraSillaase Ibsa kanaanis, yeroo ammaa gamtaan miseensota 500 irraa ijaarame ajandaalee gareen irratti mari'achaa turan irratti waliigaltee irra ga'uun yaada furmaataa dhiyaate irratti mallatteessanii xumuraa jiraachuu isaanii ibsaniiru. Adeemsa kana keessatti wal-dhabdeen yaadaa fi dhimmoonni falmisiisoon jiraachuu kan ibsan, Komishinarri kun; kanaanis falmiin yaada irratti godhamuun mariin kun hagam barbaachisaa akka ta'e kan ittiin mirkaneeffannedha jedhaniiru. Yaadolee hedduu irratti wal-dhaggeeffachuun gara yaada tokkootti dhufuu isaanii eeruun, ammas gareewwan saddeettan dhimmoota hedduu irratti walii galuun hojii isaanii xumuraa jiraachuu isaanii addeessaniiru. Fuulduraattis gareewwan saddeettan kun yaadolee furmaataa irratti walii galan wal-simsiisuu (harmonize) gochuu kan danda'u gareen akka ijaarame ibsaniiru. Gareen kunis hojii isaa har'a waaree booda kan jalqabu ta'uu ibsaniiru. Gareen hundaa'e kunis hojiin inni hojjetu waliigala yaada furmaataa dhiyaatuuf walfakkattummaa akka qabaatu kan taasisu ta'uu ibsaniiru.
Siyaasa

Yaa’ii marii biyyaaleessaa irratti yaadota adda addaa bilisummaan akka dhiyaatan gochuun rakkoolee mariidhaan furuuf carraa bal'aa uumeera - Hirmaattota
Aug 13, 2026 80
Hagayya 7/2018 (ENA):Yaa’iin marii biyyaaleessaa Itoophiyaa irratti yaadotni adda addaa bilisummaan akka dhiyaatan gochuun, rakkoolee turaniif mariidhaan furmaata kennuuf carraa bal'aa uumuu isaa hirmaattonni ibsan. Yaa’iin marii biyyaaleessaa Itoophiyaa walii galaa Adoolessa 8 bara 2018 irraa eegalee Wiirtuu Konveenshinii Idil-Addunyaa Addisitti gaggeeffamaa jira. Hirmaattonni kuma afur ta’an biyya keessaa fi ala jiran uummata Itoophiyaa bakka bu'an ajandaawwan gurguddoo saddeet irratti waliigaltee uumuuf marii’achaa jiru. Hirmaattonni yaadasaanii ENA’f kennan akka ibsanitti, yaadotni marii sana irratti ka'aa jiran ijaarsa biyyaa waaraatiif gumaacha guddaa kan taasisan ta’uu ibsaniiru. Hirmaattota keessaa dhaabbata hawaasa siivikii bakka bu'uun kan hirmaachaa jiran Doktor Abdiisaa Abbabaa akka ibsanitti, marii kana irratti kutaan hawaasaa Itoophiyaa guutuu irraa walitti babba'an hirmaachaa kan jiran yoo ta'u, kanniin hirmaatan hundi yaada isaanii bilisummaan dhiyeeffachaa jiru. Marichi yaadotni adda addaa daangaa malee akka ka'an carraa uumuu isaa eeranii; kunis rakkoolee bifa hirmaachisaa ta'een mari'achuudhaan har'aaf qofa osoo hin ta'iin boruufis furmaata waaraa fiduuf kan gargaarudha jedhaniiru. Yaadotni hirmaattotaan ka'aa jiran Itoophiyaa gara nagaa waaraa, ol'aantummaa fi guddinaatti ceesisuuf kan gargaaran ta'uu ibsanii; adeemsichi ijaarsa sirna dimokiraasii biyyaattiifis gumaacha ol'aanaa qaba jedhaniiru. Bakka bu'aan Paartii Sosocho'a Bilisummaa Sidaamaa Obbo Simaachaw Engisoo akka ibsanitti, seenaa Itoophiyaa keessatti uummanni hedduun bakka tokkotti walitti dhufuun yeroo mari'atu kan jalqabaati jedhaniiru; yaadota marii sana irratti ka'an irratti mari'achuudhaan gara waliigaltee tokkootti dhufamaa akka jiru eeraniiru. Marichi rakkooleedhaaf furmaata waaraa kennuuf carraa guddaa uumuu isaa eeranii; kunis biyya fooyyoftuu dhaloota dhufuuf dabarsanii kennuuf kan gargaaru ta'uu dubbataniiru. Mariin biyyaaleessaa kun Itoophiyaan sabdaneessummaashee jabeessuudhaan Afrikaa bira dabartee Sadarkaa Idil-Addunyaatti shoora gaarii akka taphattu kan taasisudha jedhaniiru.
Itoophiyaaf Ulaa Galaanaa Argachuun Maaliif Dirqamaa Ta’ee?
Aug 12, 2026 353
Dhimmi Ulaa Galaanaa dubbii siyaasaa yeroo gabaabaa ykn fedhii sa'aatii muraasaa miti. Biyya uummata miliyoona 130 ol qabduuf, gaaffiin kun dhimma jireenyaa, guddina dinagdee fi nageenya biyyaalessaa itti fufiinsa qabuudha. Biyyi tokko guddina dinagdee ishee guutummaatti Ulaa Galaanaa biyya biraa irratti hirkattee jirti yoo taa’e, dinagdeen ishee yeroo kamiyyuu sodaa keessa jiraata. Haala saayinsaawaa, dinagdee fi Seera Idil-Addunyaatiin yoo ilaalle, sababoonni ijoon gaaffii kanaa kanneen gadiiti: 1 . Baasii biyyaatti hir’suu •Itoophiyaan meeshaalee alaa galchitu fi gara alaatti ergitu %95 ol karaa Jibuutii qofaa fayyadamti. Kanaafis waggaatti kaffaltii tajaajila buufata Ulaa Galaanaa fi dooniidhaaf qarshii doolaara biliyoonan lakka’amuu baasti. •Baasiin kun gatii meeshaalee biyya keessa irratti dabaltaa uuma, akkasumas sharafa alaa biyyattiin ittiin misooma biroo gaggeessuu dandeessu jalaa fudhata. 2 . Baay'ina uummataa fi guddina diinagdee ariifachiisa •Addunyaa irratti Itoophiyaan biyyoota Ulaa Galaanaa hin qabne taatee garuu ammoo biyyoota uummata baay’ee qaban keessaa tokkooffaa ta’uun ishee, gaaffiin ulaa galaanaa dirqama ta’usaa agarsiisa. •Dabalataaniis Ulaa Galaanaa mataa isee qabaachuun guddina industirii fi hojii uumuuf iddoo guddaa qaba. •Hundaa ol dinagdeen Itoophiyaa gama hundaanu ariitidhaan guddaacha waan jiruuf Gabaa Addunyaa barbaada. Qaqqabummaa gaba addunyaatiif ammo Ulaan Galaanaa baay’ee barbaachisaadha. 3 Haala Seera Idil-Addunyaa •Seera Galaana Idil-Addunyaa keessatti, biyyoonni ulaa galaanaa hin qabne mirga galaana fayyadamuu, Daldala Idil-Addunyaa irratti hirmaachuu fi daandii geessituu ulaa galaanaa argachuu akka danda'an ni heyyaama. •Gaaffiin Itoophiyaas haala Seera Idil-Addunyaa kana irratti hundaa'uudhaan mirga dinagdee ishee kabachiifachuuf ni hojjetti. 4. Haala Siyaasaa fi Nageenya Gaanfa Afrikaa •Galaanni Diimaan sarara Daldala Addunyaa irratti bakka murteessaadha. Itiyoophiyaanis sarara kana irratti qooda fudhattee, nageenyaa fi tas-gabbii naannichaaf gumaacha guddaa bahachuu qabdi. •Itoophiyaan Seenaa ishee keessatti galaana waliin hidhata cimaa kan qabdu yoo ta'u, dhabamuun ulaa galaanaa yeroo dhihoo keessa mudateen guddina isee irratti gufuu guddaa ta'eera. Kanaafuu guddina arifaachisa kana itti fufsiisu ulaan galaana barbaachisaadha. 5. Yaadama waliin guddachuu •Gaaffiin kun waraana yookan sarbiinsa daangaa biyya olla irratti gageessu osoo hin taane yaadam waalin guddachu maddi isaa ammo ida’aamudha. •Biyyoota ollaa waliin qabeenya uumamaa waloon fayyaadamanii waliin guddachuuf hawwii Itoophiyaan qabdu itti fufsiisufis Ulaan Galaana barbaachisa.
Itoophiyaan walitti hidhamiinsa naannawaa fi badhaadhina waloo Afrikaaf bu’uura jabaa kaa’aa jirti – Ambaasaaddar Albeerti Muchaangaa
Aug 12, 2026 200
Hagayya 06/2018(ENA): Itoophiyaan walitti hidhamiinsa naannoo fi walitti makamiinsa dinagdee Afrikaa saffisiisuun, badhaadhina waloo Afrikaaf bu’uura cimaa kaa’aa akka jiru Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Zaambiyaa Ambaasaaaddar Albeerti Muchaangaa ibsan. Zaambiyaan Itoophiyaa waliin daldalaa, invastimantii fi dameewwan garaagaraa irratti tumsa dipilomaasii haaraa caalaatti cimsuuf kutannoo kan qabdu ta’uu Ambaasaaddarichi ibsaniiru. Keessattuu hariiroon michummaa dipilomaasii Zaambiyaa fi Itoophiyaa gidduu jiru damee daldalaa fi tumsa invastimantii irratti cimee kan itti fufe ta’uus eeraniiru. Itoophiyaan walitti hidhamiinsa naannoo fi walitti makamiinsa dinagdee Afrikaa saffisiisuun, akka fakkeenyatti eeramaa kan jirtu yoo ta’u, badhaadhina waloo Afrikaaf bu’uura ajaa’ibaa fi cimaa kaa’aa akka jirtus hubachiisaniiru. Itoophiyaan dameewwan dhiyeessii humna elektirikaa naannicha gidduutti, walitti hidhamiinsa bu’uuraalee misoomaa, daldalaa fi tumsa invastimantii keessatti dandeettii misoomaa uumte akka fakkeenyaatti fudhatamuu akka qabus ibsaniiru. Komishiniin Tumsa Waloo Itoophiyaafi Zaambiyaa hundeeffames walga’ii of duratti Itoophiyaatti gaggeessanin dhimmoota biyyoota lameeniif faayidaa waloo irratti waliigaltee fi hubannoo waliinii uumuuf akka hojjetanis ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Abbayii fi Galaanni Diimaan bu’uura guddina walii galaa Itoophiyaa fi walitti-hidhaminsa Riijinii kan mirkaneessanidha – Dr.Injiinar Habtaamuu Ittafaa
Aug 11, 2026 343
Hagayya 5/2018 (ENA) Abbayii fi Galaanni Diimaan bu’uura guddina waliigalaa Itoophiyaa fi walitti-hidhamiinsa Riijinii kan mirkaneessudha jechuun Ministirri Bishaanii fi Inarjii Dr. Injinaar Habtaamuu Ittafaa ibsan. Abbayii fi Galaanni Diimaan seenaa Itoophiyaa, Ji'oo-politiksii fi guddina dinagdee keessatti kan walirraa hin cinnee fi lamaan isaanii tokkoo ta’uusanii ibsaniiru. Bishaanonni lamaan kun kaartaa siyaasaa riijinichaa irratti qaama tarsiimo’aa madaalliin humnaa itti murtaa'an ta'uu dubbataniiru. Itoophiyaan gaaffii abbummaa ulaa gaalaanaa ishee mirkaneessuuf bu'uura amala fayyadama woloo hordofuun hojiilee dippiloomaasii hojjechaa jirti. Ministirri Bishaanii fi Inarjii Dr.Injiinar Habtaamuu Ittafaa turtii ENA waliin taasisaniin; Abbayii fi Galaanni Diimaan hiree Itoophiyaa murteessaa turuu isaanii ibsaniiru. Jireenyi Itoophiyaanotaa qaamolee bishaanii kana waliin walitti-dhufeenya olaanaa qabaachuu isaas ibsuudhaan. Itoophiyaan Abbayii akka hin misoomsinee fi akka hin fayyadamne humnoonni alaa karaa garaa garaatiin carraaqqii yeroo dheeraaf taasisaa turuu isaanii eeruudhaan; akkasumas shiraan Galaana Diimaarraa akka fagaattu gochuun Itoophiyaanonni gatii guddaa kaffalaa turuu isaaniifi eeraniiru. Hidha Haaromsaatiin Itoophiyaanotni bara dheeraaf hawwaa kan turani keessaa abjuu isaanii keessaa tokko galmaan gahuu danda'uu isaanii ibsuun; kunis Itoophiyaanota irratti dhiibbaa gahaa ture cabsuuf milkaa’ina dandeessise ta'uusaa kaasaniiru. Hidhi Haaromsaa Guddichi Itoophiyaa shira biyyattii irratti taasifamaa turan hambisuu kan danda'e ibsituu boonsaa Itoophiyaanotaa ta'uusaa eeraniiru. Itoophiyaan Galaana Diimaa shira garaa garaatiin akka dhabdu erga ta'ee booda dhimma kana kaasuun kan hin hayyamamneef maqaa biraa kennisiisaa kan ture ta'uus yaadachiisaniiru. Itoophiyaan yeroo ammaa kana abbummaa ulaa galaanaa ishee karaa nagaatiin argachuu qabdi jettee gaaffii kaaste kutannoo hoggansa olaanaan kan irratti mul'ate ta'uu isaa eeraniiru. Dhimmi Galaana Diimaa dhimma mootummaa ykn dhaabbata siyaasa tokkoo qofa miti hojii dhalootatti ce'udha jechuun; Abbayii fi Galaana Diimaa bu’uura guddina waliigalaa Itoophiyaa fi walitti-hidhamiinsa riijinii kan mirkaneessanidha jechuun kaasaniiru. Akkasumas naannoo Galaana Diimaatti dorgommii ji'oo-politikaa addunyaa mul'atanii fi balaawwan nageenya galaana irraa jiran salphisuuf kan dandeessisu ta'uu isaas eeraniiru. Itoophiyaanonni tokkummaa Hidha haaromsaa irratti mul’isan Galaanaa Diimaarratti dabaluu akka qabnis dhaamaniiru.
Dhimmoota Amantii fi Ajandaawwan Ijaarsa Nageenyaa irratti Mari’attoonni waliigaluu ibsani
Aug 11, 2026 271
Hagayya 5/2018(ENA): komishiniin marii biyyaalessaa Itoophiyaa ajandaawwan saddeet Manni Maree Komishinichaan adda baasan irratti Adoolessa 8/2018 irraa eegalee walgahii marii biyyaalessaa gaggeessaa akka jiru ni beekama. Haaluma kanaan ajandaawwan irratti gareewwan hojii saddeet miseensota 500 qabaniin mari’atamaa jiru. Akka hojmaata Komishinichaatti gareen tokko miseensota 500 qabu ajandaa tokko irratti mari'achaa jira. Haala kanaan gareewwan lamaan dhimma amantii fi ajandaa ijaarsa nagaa irratti adda addaan mari’achaa kan turan yoo ta’u, yaada isaanii irratti waliigaluun walgahii har’aa Hagayya 5, 2018 mallatteessaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Yaa'iin Marii Biyyaalessaa tokkummaa ummataa ni cimsa - jiraattota Finfinnee
Aug 11, 2026 256
Hagayya 5 /2018 (ENA): Jiraattonni magaalaa Finfinnee konfiraansiin marii biyyaalessaa Itoophiyaa waliigaltee tokkummaa ummataa cimsuu fi guddina diinagdee saffisiisu akka ijaaru abdii qaban ibsaniiru. Konfiraansiin Marii Biyyaalessaa guddichi Itoophiyaa Adoolessa 8, 2018 irraa eegalee, Giddugala Walgahii Idil Addunyaa Addis konveenshin keessatti gaggeeffamaa jira. Konfiraansii kanarratti bakka bu’oonni ummataa kuma afur lammiilee Itoophiyaa biyya keessaa fi biyya alaa jiraatan bakka bu’uun marii gadi fageenyaa fi hirmaachisaa ta’e gaggeessuun ajandaawwan gurguddoo saddeet irratti waliigaltee uumuuf marii gaggeessaa jiru. Jiraattonni Finfinene ENA'tti akka himanitti, Yaa'iin Marii Biyaalessaa Itoophiyaanota gidduutti waliigaltee uumuu fi nagaa waaraa fiduuf karaa murteessaa ta'uu cimsinee amanna jedhani. Adeemsi marii kun waliigaltee tokkummaa biyyaa cimsu, nagaa waaraa argamsiisuu fi guddina dinagdee guddisu akka uumu abdii guddaa qaban ibsaniiru. Namoota yaada kennan keessaa jiraataa Finfinee Roobeel Birhaanuun mariin biyyaalessaa kun lammiilee gidduutti waliigaltee uumuuf karaa hojiirra ooluu danda’uu fi bu’a qabeessa ta’uu ibseera. Rakkoo biyyaalessaa irratti mariin yeroo gaggeeffamu ajandaalee bu’uuraa irratti waliigaltee uumuuf karaa barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. Kunis gama siyaasaatiin waliigaltee uumuu fi hojii misoomaa tasgabbaa'aa dandeettii diinagdee biyyattii ijaaru haala mijeessuuf gumaacha olaanaa qaba jedhaniiru. Yaa’iin marii biyyaalessaa Itoophiyaa bakka yaadonni gaariin itti maddisiifamaniifi waliigaltee guddina diinagdee fi tokkummaa ummataa cimsu ijaaru akka ta’u abdiin qaba jedheera. Yaada isaanii ENAf kan kennan jiraataan magaalaa Finfinnee kan biraa obbo Haayilee Alamayyoo akka himanitti, lammiileen biyya tokkoo mariidhaan dhimmoota waloo irratti waliigaltee uumuuf walitti qabaman mataan isaa milkaa’ina guddaadha jedhani. Waltajjii seena qabeessa kana booda Itoophiyaan waliigaltee guddina diinagdee ishee itti fufsiisu ijaaruun dandeettii Afrikaa keessatti adda duree ta’uuf akka uumtu amantaa qaban ibsaniiru. Obbo Yaadataa Guddataanis gama isaaniin Mariin Biyyaalessaa hunda hammatee lammiilee gidduutti hubannoo waloo ijaaruun tokkummaa ummataa daran akka cimsu abdii qaban ibsaniiru. Yaada kennituu kan biraa aadde Almaaz Tammiraat akka himanitti, Mariin Biyyaalessaa waltajjii waloo Itoophiyaa lammiilee gidduutti hubannoon cimaan jiru ijaaruuf bu’uura kaa’uudha jedhani. Haaluma walfakkaatuun jiraataa magaalaa Finfinnee obbo Aschaaloo Bargaa Mariin Biyyaalessaa Itoophiyaa waltajjii barbaachisaa dhimmoota biyyaalessaa bu’uuraa irratti waliigaltee uumuuf gargaaru ta’uu ibsaniiru. Obbo Garramaa Dabbabaas bu’aan Marii Biyyaalessaa kun hubannoo waloo kan nagaa fi guddina dinagdee itti fufiinsuu qabu lammiilee Itoophiyaa hundaaf saffisiisu akka uumu ni amanna jedhan. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #

Hawaasummaa
Abbaan Taayitaa Hambaa Federaalaa Golambaa fi gidduugala Aadaa Oromoo Salaaleetiif beekamtii kenne
Aug 13, 2026 17
Hagayya 07/2018 (ENA)-Godina Shawaa Kaabaatti Abbaan Taayitaa Abbaan Taayitaa Hambaa Federaalaa Golambaa fi gidduugala Aadaa Oromoo Salaaleetiif beekamtii kenneera. Abbaan Taayitaa Hambaa Federaalatti Dursaa Garee qorannoo fi qo'annoo Dr.Itaagenyi Asras sagantaa kana irratti haasaa taasisaniin Kaayyoon galmeefi beekkamtii kennuu Golambaafi Giddu gala Aadaa; duudhaa, aadaafi seenaa hawaasni kunuunsee asiin gahe calamatti akka kunuunfaman taasisuun sadarkaa biyyaa fi Idil Addunyaatti beeksisuuf ta'uu ibsanii jiru. Hojiin kun tajaajila Golambaalee si’eessuun qabiyyee Golambaalee kan gabbisuufi tajaajila yeroon gaafatu kennuu kan dandeesisu ta'us himanii jiru. Saganticharratti Biiroo Aadaafi Turizimii Oromiyaarraa Obbo Admaasuu Gaaggaa akka jedhanitti Biiroon Aadaafi Turizimii Aadaa,safuu fi duudhaa uummatichaa lafa qabsiisuuf kan hojjetu ta'uu ibsuun,sirni beekkamtii guyyaa har'aa kenname hanga ammaatti hojii hojjetame galateeffachuun,gara fuula duraatti akka naannoo fi biyyaatti Golaambicha beeksisuufi guddisuuf hojii caalmaan akka hojjetamu imaanaa kennuu akka ta'e himanii jiru. Akka Naannoo Oromiyaatti Golambaan kun sadarkaa 5ffaa irratti kan galmaa'e ta'uu himuun,waraqaan beekkamtii kuni sirna itti gaafatamummaa waliin kan kenname akkasuma sirni beekkamtii kuni caalmaatti aadaa,duudhaafi seenan uummatichaa akka beekamu qooda olaanaa qabachuus himanii jiru. Itti gaafatamtuun Giddugala Damee Ijaarsaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Godina Shawaa Kaabaa Aadde Meeroon Mokonnin akka jedhanitti Uummanni Salaalee, aadaa,duudhaa fi seenaa dilbii kan qabu ta'uu himuun,uummatichi qabeenya kana kunuunseefi eegee gurmeessuun dhaloota dhufu dhaalchisuuf Golaambaatti fayyadamaa jiraachuu ibsanii jiru.
Tajaajilli Qorannoo fi Qo'annoo Hawaasummaa Yuunvarsiitii Bulee Horaa fayyadamummaa hawaasa naannoo mirkaneessuun bu'aa qabatamaa agarsiisaa jira
Aug 13, 2026 72
Hagayya 7/2018 (ENA): Tajaajilli Qorannoo fi Qo'annoo Hawaasummaa Yuunvarsiitii Bulee Horaa fayyadamummaa hawaasa naannoo mirkaneessuun bu'aa qabatamaa garsiisaa jiraachuu Pirezidaantiin Yuunivarsiitichaa Dr. Tamasgeen Dabaloo ibsan. ENA fi Yuunvarsiitiin Bulee Horaa dhimma waloo waliin irratti hojjechuu danda'an irratti marii gaggeessanii jiru. Pirezidaantiin YuunvarsiitichaaDr. Tamasgeen Dabaloo; Yuunivarsiitichi beekumsa mandhaalee hawaasaa, Albuuda, Qonna, qabeenya beeyladaa fi damee fayyaa irratti hojii qorannoo fi qo'annoo bu'a qabeessa hojjechaa jiraachuusaanii eeraniiru. Tajaajilli qorannoo fi qo'annoo hawaasummaa Yuunivarsiitichaa fayyadamummaa ummataa mirkaneessuun bu'aa guddaa kan agarsiisaa jiru ta'uu ibsan. Gara fuulduraattis Yuunvarsiitichi hojii qorannoo fi misoomaa hojjetu uummata biraan gahuuf ENA waliin hojjechuuf qophii ta'uu isaanii beeksisaniiru. ENA’n hojiilee Yuunivarsiitichaa uummatatti beeksisuu fi hojii bifa biyyaa ijaaruu irratti shoora murteessaa taphachuu akka danda'uu ibsaniiru. Itti Aanaan hojii raawwachiisaa olaanaa ENA Tafarraa Baqqalaa gama isaaniitiin, ENA'n tokkummaa uummataa fi faayidaa biyyaalessaa kan cimsu oduu fi dhimmoota oduutti hidhata qaban uummata biraan gahaa jiraachuu eeraniiru. Hojiileen qorannoo, qo'annoo fi misooma hawaasummaa Yuunvarsiitii Bulee Horaa fayyadamummaa uummataa mirkaneessuu irraatti hojjachaa jiruu qooda olaanaa akka qabu ibsaniiru. Kanaanis, bal'inaan dhaqqabumma ENA cimsuudhaan bu'aawwan qorannoo fi qo'annoo Yuunvarsiitiin Bulee Horaa maddisiisu uummata biraan gahuuf waliin kan hojjetan ta'uu mirkaneessanii jiru. Gara fuulduraattis beekumsa hawaasa naannoo fi dandeettiiwwan jiran beeksisuu irratti ENA’n qooda isaa kan bahu ta'uu dubbataniiru. ENA fi Yuunvarsiitiin Bulee Horaa waliigaltee waloo waliin hojjechuuf isaan dandeessisu Adoolessa 9 bara 2018 mallatteessuun isaanii kan yaadatamuudha. Waliigaltee kanaanis Yuunivarsiitichi hojiilee qorannoo fi beekumsa hawaasaa irratti hojjetu uummata biraan gahuuf haala mijaataa kan uumu ta'a.
Shinooyyee: Aadaa, Sirbaa fi Tapha Ce’umsaa Shamarran Oromoo
Aug 12, 2026 178
Shinooyyeen sirba aadaa fi tapha duudhaa Oromoo keessatti iddoo guddaa qabu ta’ee, keessumaa shamarran hin heerumneen (qarreewwaniin) yeroo ce’umsa waggaa haaraa fi ji’a Qaammee simachuuf kan raawwatamudha. Aadaan kun gamtaa, kabaja, gammachuu fi eenyummaa hawaasa Oromoo keessatti qabu gadi fageenyaan calaqqisiisa. Yeroo fi Haala Tapha Shinooyyee Shinooyyeen simannaa Birraaf, aduun birraa baatuuf hawwiin eegamtuttii fi biqiltuun lalisuu jalqabu—keessumaa ji'a Qaammee simachuuf taphatama. Yeroo kana shamarran ganda keessaa walitti qabamuun: •Uffata Aadaa: Uffata aadaa miidhagaa fi faaya aadaatiin miidhaganii dhihaatu. •Sochii fi Sagalee: Harka dhahuun, sagalee wal-simsiisuu fi dhiichisa qaamaatiin sirba isaanii dhiheessu. •Ganda Naanna'uu: Qarreewwan wal waamanii qe'ee keessa naanna'uun weedduu aadaa sirbu, hawaasas eebbisu. Kaayyoofi Ergaa Shinooyyee Taphnii fi sirbi Shinooyyee ergaa hawaasummaa fi afuuraa gadi fagoo ta’an hawaasaaf dabarsu: 1.Ce’umsa Nagaa fi Badhaadhinaa Hawwuu: Yeroo Gannaa irraa gara Birraatti ce’an nagaa, araara, badhaadhinaa fi milkii hawaasaaf hawwuuf taphatama. 2.Duudhaa Ganamaa Dabarsuu: Dhaloota haaraaf aadaa, safuu fi duudhaa ganamaa Oromoo akkasumas kabaja walii dhaalaan dabarsuuf gargaara. 3.Ergaa Hawaasummaa fi Jaalalaa: Weedduun Shinooyyee jaalala, tokkummaa, jabina hawaasummaa, gorsa akkasumas qoosaa fi qeeqaa gaarii (kan walitti dhiheenya uumu) of keessaa qaba. Iddoo fi Sirna Raawwii Shinooyyeen sirba gammachuu fi bashannanaa ta'uun isaa ayyaana waggaa fi yeroo Qaammee fi simannaa Qaammeef qofaaf kan daangeffame miti. Yeroo cidhaa (gaa'elaa) fi ayyaanota adda addaa irratti shamarran walitti qabamanii wal-qixxeessanii taphatu. Sirni kun walitti dhiheenya hawaasaa cimsuu fi gammachuu ce’umsaa waliin qoodachuu keessatti gahee olaanaa taphata.
Itiyoophiyaa, dargaggoota isheerraa adda baasanii ilaaluun hin danda’amu-MM Dr. Abiyyi Ahimad
Aug 12, 2026 138
Hagayya 6/2018 (ENA): Itiyoophiyaa, dargaggoota isheerraa adda baasanii ilaaluun hindanda’amu jedhan Ministirri Muummee FDRI Doktar Abiyyi Ahimad. Doktar Abiyyi Ahimad erga gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsanin, qoodamni umrii ummata keenyaa akka argisiisutti, dargaggoonni baay’ina olaanaa qabaachuun isaanii badhaadhina mirkaneessuu fi cimsuuf carraa guddaadha jedhan. Aadaa fi barmaatilee boodatti hafoo, falmiiwwan, waldhabdee fi walitti bu’iinsa biyya keenya duubatti harkisaa turan irraa fagaachuun, dargaggoonni yeroo ammaa misooma irratti xiyyeeffachuu; hiyyummaas jibbuu himan. Mootummaan Ida’amuu dargaggoonni karaa hundaan fayyadamoo akka ta’anii fi gahee isaanii hoggansa keessatti akka cimsan xiyyeeffannoo fi kutannoo olaanaan hojjechaa jiraachuus kaasaniiru. Mul’ata keenya dhugoomsuuf hunduu dammaqinaan carraaqaa, jaalalaan akka jiraannu waamicha koon dhiyeessa jedhaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Diinagdee
Naannoo Oromiyaatti Waggoottan Shanan darbanitti pirojektoonni kuma 96 caalan ijaaramanii tajaajilaaf ooluu isaanii Obbo Awwaluu Abdii ibsan
Aug 13, 2026 67
Hagayya 7/2018 (ENA): Naannoo Oromiyaatti tajaajila kennamu ammayyeessuu fi itti quufinsa hawaasaa mirkaneessuufi ijaarsa dhaabbilee ammayyaa cimsuun itti fufee jiraachuu Itti Aanaan Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii dubbataniiru. Itoophiyaatti sadarkaa adda addaatti rakkoolee bulchiinsa gaarii, birookraasii fi hir'ina hojimaata ammayyaa dhaabbilee mootummaa keessatti mul'atan bu’uurarraa furuuf hojiileen riiformii biyyaalessaa hojjetamaa turaniiru. Haaluma kanaan Naannoo Oromiyaatitti waggoottan dhiyoo asitti hoj maatileen Itti quufinsa hawaasaa mirkaneessan, hojimaata iftoomina fi si'aa’ina kan qabu gochuuf akkasumas fayyadama teeknoolojii irratti hundaa'uun fooyya'insi dhaabbilee taasifameera. Sochii tajaajila ammayyeessuu fi dhaabbilee ammayyaa ijaaruu kunis rakkoo birookiraasii fi malaammaltummaa hir'isuu; tajaajiloota dijitaalessuu, wiirtuulee tajaajilaa ammayyaa ijaaruu fi caasaa mootummaa fi humna namaa fooyyessuu keessatti bu'aawwan gurguddoon akka galmaa’an taasiiseera. Walumaagalatti hojiileen ijaarsa teeknoolojii fi dhaabbilee naannichatti hojjetamaan gaaffilee bulchiinsa gaarii deebisuu bira darbee, sochii hawaasummaa fi dinagdee naannichaa ariifachiisuuf haala mijaataa uumaa jira. Har'as qaama tattaaffii kanaa kan ta'e fi baasii birrii biliyoona 1 caaluun kan ijaarame Gamoon Waajjira Bulchiinsa Godina Jimmaa eebbifameera. Sirna eebbaa kana irratti Itti Aanaa Pireezidaantii Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii,fi Itti Gaafatamaan Damee Siyaasaa Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Namarraa Bulii akkasumas hoggantoonni sadarkaa Federaalaafi naannoo argamanitti eebbifamuun tajaajilaaf banaa ta'eera. Obbo Awaluu Abdi akka jedhanitti; waggoota shanan darban keessatti hojiilee hojjetamaniin pirojektonni misoommaa 96 kuma caalan ijaaramaanii tajaajila kennaa jiraachuu ibsaniiru Pirojektoonni kunnis gaaffii hawaasaa giddu-galeessa kan godhatan ta'uu eeraniiru. Dabalataanis naannichatti wiirtulee tajaajila tokkoo (Masoobi) 96 ijaaramaanii tajaajila si'ataa kennaa akka jiran ibsaniiru. Gara fuulduraattis waadaa ummata keenyaaf seenne hojiin dhugoomsuuf gahee fi itti gaafatamummaa keenya bahachuuf cimsinee hojjenna jedhaniiru. Walumaagalatti naannichatti yaadama 'Ida’amuun ' hojiileen raawwataman dameelee Siyaasaa, Hawaasummaa fi Dinagdee keessatti jijjiama guddaa fiduu isaanii ibsaniiru. Gama biraatiin Itti Gaafatamaan Damee Siyaasaa Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Namarraa Bulii akka jedhanitti; Paartiin Badhaadhina naannichatti dinagdee cimaa ijaaruuf, barnoota fi teknoolojii babal'isuuf akkasumas tajaajila ammayyaa kennuuf tattaaffiin taasiise bu'a qabeessa ta'uu dubbataniiru. Waggoota ja’aa fi torban darban keessatti naannichatti guddina dinagdee olaanaan galmeeffamuu isaas akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Dabalataanis omishtummaa guddisuu fi carraa hojii babal'isuu keessatti paartichi waadaa ummataaf seene bahachaa jiraachuu itti dabaluun ibsaniiru. Gamoon bulchiinsaa har'a eebbifame kun kutaa 125 kan qabu fi sekteroonni mootummaa 17 tajaajila keessatti kan kennan ta'uu kan ibsan immoo Bulchaa Godina Jimmaa Obbo Tijaanii Naasir ti.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa fayyadamummaa gama hundaan mirkaneessuuf hojjechaa jira – Awwaluu Abdii
Aug 13, 2026 56
Hagayyaa 7/2018(ENA) : Mootummaan Naannoo Oromiyaa fayyadamummaa gama hundaan mirkaneessuuf hojjechaa jiraachuu Itti Aanaan Pirezidaantii Mootummaa Nannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii ibsan. Guyyaa har'aa Gamoon Bulchiinsa Godina Jimmaa Obbo Awwaluu Abdii fi Itti Gaafatamaan Damee Siyaasaa Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Namarraa Bulii akkasumas hoggantoonni sadarkaa Federaalaafi naannoo argamanitti eebbifamuun tajaajilaaf banaa ta'eera. Sirna eebbaa kanarratti Itti Aanaan Pirezidaantii Mootummaa Nannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii Mootummaan jijiiramaa fayyadamummaa hawaasa mirkaneessuuf xiyeeffannoon hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Godina Shawaa Lixaatti Qonna Gannaan lafa hektaara kuma 916 ol irratti midhaan gosa adda addaatiin facaafameera
Aug 13, 2026 83
Hagayya 7/2018 (ENA): Godina Shawaa Lixaatti Qonna Gannaa bara kanaatiin lafti hektaara kuma 916 ol ta’u misooma midhaan adda addaatiin facaafamuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksise. Godinni Shawaa Lixaa Naannoo Oromiyaa keessatti qabiyyeefi omishtummaa qonnaatiin bakkeewwan beekamoo ta’an keessaa isa tokkodha. Lafti godinichaa irra caalaan baddaa fi Baddaadaree qonnaaf mijataa ta’e kan qabu yoo ta’u, naannichattis irra caalaatti Mishingaa, Xaafii, Qamadii, Garbuu, Boqqolloo akkasumas midhaan zayitaa omishuun ni beekama. Ogeessi Misooma Midhaanii Waajjira Qonnaa Godinichaa Obbo Dajanee Dabuushee ENA’f akka ibsanitti; godinichatti bara omishaa 2018/19 keessatti lafa hektaara kuma 902 fi 892 misoomsuuf karoorfamee, karoora oliin lafti hektaara kuma 916 fi 735 sanyii midhaan adda addaatiin facaafameera. Lafa misoomee kana irraas omishni kuuntala miiliyoona 34tuqaa 3 ol ni argama jedhamee akka eegamu dubbataniiru. Karoora omishaa kana galmaan gahuufis galteewwan qonnaatti fayyadamuu, lafa deddeebisanii qotuu, sararaan facaasuu fi aramaa ittisuu irratti xiyyeeffannoon kennameera. Omisha fi omishtummaa dabaluuf xiyyeeffannoo kennameen midhaan irra caalaan kilaataraan kan facaafame yoo ta'u, misoomicharrattis qonnaan bultootni kuma 344 ol hirmaataniiru. Ogeeyyiin qonnaas qonnaan bultoonni mala kilaasteraan qotuu fi tooftaawwan biro fooyya'an akkasumas galteewwan qonnaatti fayyadamuudhaan facaasanii omishtummaa isaanii akka dabalan deeggarsa gochaa akka jiran Obbo Dajaneen dubbataniiru. Sanyiiwwan facaafaman keessaa kanneen dursaa facaafaman dhiyeenya kana maasii irratti haala gaarii irra akka jiranis ibsa isaaniitiin eeraniiru. Godinichatti Qonnaan Bulaa Aanaa Amboo Mul’ataa Guutamaa; qonna gannaan kanaan omisha gaarii argachuuf lafa hektaara tokko deddeebisanii qotuun qamadii fi garbuu facaasuu isaanii dubbataniiru. Malawwanii fi galteewwan ogeeyyii qonnaatiin kennamanitti fayyadamuun omisha gaarii argachuuf hojjechaa akka jiranis ibsaniiru.
Iddoon Pirojektii Finnaa Haaraan Hojjetamuuf karoorfame daawwatame
Aug 13, 2026 83
Hagayya 7/2018 (ENA): Jilli Hogganaa Biiroo Misooma Jallisii fi Horsiisee Bulaa Oromiyaa Injinar Girmaa Raggaasaan durfamu Godina Harargee Lixaaa Aanaalee sadiitti Iddoo Ijarsa Piroojectii Finnaa haraa itti hojjatamuf karoorfamee Dawwatan. Mootummaan Naannoo Oromiyaa jiruu fi jireenya Horsiisee bulaa fi qonnaan bulaa jijjiiruun dinagdee damdameessa ijaaruuf sochii taasifamu utubuuf pirojektoota Finna Oromiyaa qorachuun gara hojiitti galeera. Pirojektiin Finnaa Oromiyaas rooba roobee lolaa lola’u walitti qabuun bifa ittiin misoomni qonnaa itti gaggeeffamurratti xiyyeeffachuun pirojektii bocameedha. Godina Harargee Lixaa Aanaa Mi’essoo Ganda waltaanee,Aanaa Daroo Labuu Laga labuu fi Aanaa Hawwi Guddinaa Ganda Cophiitti waliigala Finnaa haraa 3 ijaaramuuf karoorfamee jira. Jilli Hogganaa Birichaa Injiinar Girmaa Raggaasaan durfamuu daawwannaa hojii gaggeesse jira. Sagantaa Daawwaannaa kana irratti Gorsaa Bu’uraalee Jallisii Pirezdaantii Oromiyaa Ambaasadar Shifarraa Jaarsoo dabalatee,Itti Aanaa Hogganaa Biiroo Misooma jallisii Oromiyaa Injinar Alamuu Raggaasaa, Bulchituu Godina Harargee Lixaa Aadde Ikraam Xaahaa, Koree Naannoo fi Godinaa fi Gorsitootni ogeessota biirichaa argamanii jiru. Daawwannaa hojii kanaan Aanaalee sadanittuu iddoon ijaarsi pirojektii Finnaa itti ijaaramuuf karoorfame ilaalamuun mirkana'ee jira.
Saayinsii fi teeknooloojii
Hannaa fi Malaammaltummaa Dhabamsiisuu Keessatti Gahee Wiirtuu Tajaajila Iddoo Tokkoo (Masoob)
Aug 11, 2026 258
Hannaa fi Malaammaltummaa Dhabamsiisuu Keessatti Gahee Wiirtuu Tajaajila Iddoo Tokkoo (Masoob) Malaammaltummaan, hannii fi saamichi daranyoo guddina biyyaa fi diina bulchiinsa gaariiti. Tajaajilli mootummaa yeroo dheeraaf lafarra harkifachuu, iftoomina dhabuu fi hojmaata boodatti hafaa ta’een kan deeggaramu yoo ta’e, gufuu guddaa qulqullina tajaajilaa uumuun uummata komii keessa galchaa tureera. Haata’u malee, Mootummaan rakkoo fi hudhaa waggoota hedduuf uummata danqaa ture kana furuuf tarkaanfii seenaa-qabeessa fudhataa jira. Isaan keessaa inni ijoon Wiirtuu Tajaajila Iddoo Tokkoo (Masoob) teknoolojiidhaan deeggaruun hojiirra oolchuudha. Masoob tajaajila mootummaa si’ataa, ammayyaa'aa fi dhaqqabamaa gochuu qofa osoo hin taane, qaawwa malaammaltummaa fi saamicha diriiree ture cufuu keessatti gahee murteessaa qaba. Mootummaan bulchiinsa gaarii fi amanamummaa kenna tajaajilaa haqa-qabeessa, ammayyaa'aa fi malaammaltummaa irraa bilisa ta'e kennuuf hojjechaa jira. Wiirtuun Tajaajila Iddoo Tokkoo (Masoob) hudhaawwan waggoota hedduuf uummata rakkisaa turan furuudhaan itti-quufinsa uummataa mirkaneessaa jira. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad 'aappilikeeshinii' tajaajiloota bakka adda addaatti kennaman bakka tokkotti walitti fiduu fi tajaajila dijitaalaa qindaa'aa Afrikaatti kan jalqabaa yeroo eebbisaniitti akka jedhanitti, appilikeeshiniin kun tajaajiloota dhaabbilee garagaraa keessatti kennaman waltajjii tokkorratti kan walitti fidu akka ta’e dubbataniiru. Milkaa’inni guddaan kun biyya keenya guddaa kan boonsu ta’uun olitti teeknooloojiin kan gaggeeffamuu fi invastimantiin kaayyoon gaggeeffamu maal akka buusuu danda’u kan mirkaneessudha jedhanii turan. Bu’uura misoomaa dinagdee isa ijoo kan ta’e tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob, yeroo ni qusata, ulaa malaammaltummaa akka duuchu ibsanii, gama mootummaatiin amanamummaa fi cimina akka gabbisu dubbataniiru. Milkaa’ina kana akka cimsinu, muuxannoo keenya obbolootaa keenya Afriikaanotaaf akka qoodnu, akkasumas bu’aa kana caalu galmeessuuf kutannoon tarkaanfachuu barbaachisa jedhaniiru. Wiirtuu Tajaajila Iddoo Tokkoo (Masoob) Qaawwa Malaammaltummaa fi Saamichaa Akkamitti Cufa? Masoob sirna kenna tajaajilaa duraan ture sirreessuudhaan malaammaltummaa fi hanna qabataamaan hir’isa: Deddeebii fi Dhamaatii Hambisuu: Abbootiin dhimmaa waajjiraa waajjiratti deddeebi’uu fi deddeebisuun karaa itti mattaayaan gaafatamuu fi saaxilaman ture. Masoob tajaajila iddoo tokkotti waan walitti fiduuf, walitti dhufeenya kallattii abbaa dhimmaa fi tajaajila kennaa sana gidduu jiru hir’isuun carraa malaammaltummaa dhabamsiisa. Dijitaalessuu: Tajaajila tekinoolojiin deeggaramee fi dijitaala ta’e fayyadamuun hojmaata waraqaa ta’e ni dhabamsiisa. Hojmaanni dijitaalaa galmeen isaa ifa waan ta’eef, hannaa fi maallaqa seeraan ala gaafatamu hanqisa. Iftoomina fi Itti Gaafatamummaa: Sirni Masoob hojiiwwan hunda iftoominaan akka raawwataman taasisa. Namni tajaajila kennu beekumsa qabuu fi malaammaltummaa irraa bilisa ta’een akka deeggaramu gochuun, itti gaafatamummaa diriirsa. Yeroo fi Baasii Qusachuu: Tajaajila ariifataa sa'aatii muraasa keessatti kennuun, namoonni tajaajila saffisaa argachuuf jecha matta’aa akka hin kennine gochaa jira. Tarkaanfii Tarsiimawaa fi Bu'aawwan Galmaa'an Deddeebii fi dhamaatii tajaajilamaa xiqqeessuu. Tajaajila mijataa, saffisaa fi qulqullina qabu tekinoolojiin deeggaruudhaan baasii xiqqeessuu. Sirna iftoominaa fi itti gaafatamummaa diriirsuudhaan amantaa lammiilee guddisuu. Tajaajilli wiirtuu tokkoo akka naannoo Oromiyaattis magaaloota baay'ee irratti tajaajila kenna. Kanaanis itti-quufinsa uummataa haalaan kennuun rakkoolee kana dura hojmaata badaa waliin qabatee jiru hiikaa jira. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Hojiin humna namaa gahumsa qabu misoomsuu, kan naannoo nageenya saayibarii nageenya qabu ijaaruuf murteessaa ta’e cimee itti fufa
Aug 11, 2026 167
Hagayya 5/2018 (ENA): Itoophiyaatti haala nageenya saayibarii nageenya qabu ijaaruuf murteessaa kan ta’e hojiin humna namaa gahumsa qabu misoomsuu cimee itti fufa jedhan Daayrektarri Olaantuun Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa Tigist Hamiid. Leenjiin Kalaqa Saayibarii Waqtii Gannaa marsaa 5ffaan guyyaa har’aa eegalameera. Aadde Tigist Hamiid wayita kana leenjichi nageenyaafi birmadummaa saayibarii biyyattiif bu’uura kan kaa’u ta’uus ibsaniiru. Humna namaa gahoomsuu irratti hojjetamaa akka jiru eeranii, ittisa saayibarii milkaa’ina qabuuf misooma guddattoota irratti xiyyeeffatuuf xiyyeeffannoon kennamuus kaasaniiru. Pireezidaantiin Yuuniivarsiitii Saayinsiifi Teeknooloojii Finfinnee Dooktar Asraat Atsadawayin gamasaaniin, misoomni teeknooloojiirratti hundaa’e badhaadhina waaraa biyya tokkoof murteessaa ta’uu dubbataniiru. Sagantichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaan nageenyaafi birmadummaa Saayibarii biyyattii mirkaneessuuf yaadamee kan qophaa’e ta’uun eerameera. Leenjichaaf barattoonni kumni 14 ol kan galmaa’an yoo ta’u kanneen keessaa kumni 1 fi 249 leenjicha fudhachaa jiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Innisheetivii Qonna Magaalaan jijiiramni guddaan mul’achaa jira
Aug 10, 2026 236
Hagayya 4/2018 (ENA) : hojiirra oolmaa Innisheetivii Qonna majgaalaan jijiiramni gudan mul’achaa jiraachuun Biiroon Misooma magaalaa fi manneenii Oromiyaa beeksise. Tarsiimoo Magaalota giddugala dinagdee taasisuuf hojjetama jiruun bu’aan abdachiisaan mul’achuusaa Hogganaa Biiroo Misooma Magaalaa fi Manneenii Oromiyaa Obbo Mohaammad Guyyee ibsaniru. Biiroon Misooma Magaalaa fi Manneenii Oromiyaa waltaa'insa Yunvarsitii Naannoo Oromiyaa waliin ta'uun qorannoo rakkoo hawaas-dinagdee magaalota hiikuu dandeessisan gaggeesse irratti qooda fudhattoota waliin marii gaggeessa jira. Magaalota giddugala dinagdee taasisuufii fi beekumsan hogganuuf qorannoon deeggaramuun hojjetamaa jiraachuu Hogganaa Biiroo Misooma Magaalaa fi Manneenii Oromiyaa Obbo Mohaammad Guyyee ibsaniru. Mootummaan tarsiimoo magaalomsuu hojirra oolchaa jiruun jijjiiramni dhufa jiraachuu ibsuun qorannoo kanaan rakkoowwan raawwii keessatti mudaacha jiru addaa baasuun fi tarsiimoo haaraa bocuun hojjechuuf yaadame kan gaggeeffame ta'u Obbo Mohaammad himaniru. Qorannicha kan dhiheessan Yunvarsitii Naannoo Oromiyaa irra sanada "Urban Agriculture Initiatives" irratti kan dhiyeessan qorattoonni Dr Dasaalenyi Fiqaaduu fi Dr. Ahimed Mohaammad akka jedhanitti hojiin inisheetivii qonna magaalaa magaalota keessatti hojjetama jiran jijjiirama gaarii argamsiisaa jiraachuu ibsuun, hojiiwwan inisheetiviin hojjetamaa jiran daran ammayyeessuuf ''Innovative Urban Farming''(Qonna magaalaa kalaqaa) hojirra oolchuun yoo hojjetame misooma itti fufinsa barbaadame fiduun barbaachisa ta'u himaniru. Hojiin inisheetivii qonna magaalaa ijaarsa kilaastara beelladaa, omishaa kuduraa fi muduraa, misooma dammaa karaa qindaa'een hojjetamaa jiruun carraan hojii uumamuu, galii fayyadamtoota guddisuu, magaalaa iddoo oomishaa taasisuu, maddii madaalawwa lammileen akka argatan taasifama jiraachuus ibsameera. Magaalota jireenyaaf mijataa ta'an horaachuuf kan hojjetamu ta’uunis ibsameera. BMMMO irraa
Inishiyeetiiviin Kooderoota Itoophiyaa Miiliyoona 5 dandeettii dijitaalaa guddisuu fi jijjiirama biyyaalessaa saffisiisuu keessatti gahee olaanaa taphachaa jira.
Aug 10, 2026 195
Hagayya 4/2018(ENA) : Inishiyeetiiviin Kooderoota Itoophiyaa Miiliyoona 5 dandeettii dijitaalaa guddisuu fi jijjiirama biyyaalessaa saffisiisuu keessatti gahee olaanaa taphachaa jiraachuu Waajjirri Ministira Muummee beeksise. Waamicha biyyaalessaa Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) dargaggoonni Itoophiyaa Inishiyeetiivii Kooderota Itoophiyaa Miliyoona 5tti makamuun dhuma waqtii Gannaa lakkoofsi hirmaattota gara miliyoona 7tti akka ol guddatuuf hordofuun, sagantaan muuxannoo wal jijjiiraa gaggeessummaa Waajjira Ministira Muummeetiin adeemsifameera. Sagantaan kun hoggantoota industirichaa fi qaamolee imaammata baasan, eebbifamtoota jalqabbii kanarraa mirkanaa’anii fi ogeessota dargaggootaa walitti fideera. Sagantaan kun waltajjii hirmaattonni muuxannoo fi ilaalcha isaanii akka waliif qoodan taasisuudhaan Ajandaa Dijitaalaa Itoophiyaa bara 2030 guddina ogummaa dijitaalaa qabatamaan akka tarkaanfachiisu gumaacheera. Sagantaan kun agarsiisa hubannoo namtolchee irratti xiyyeeffate daawwachuudhaan kan eegale yoo ta’u, Waajjira Ministira Muummeetti Hoggantuun Sakreetariyaatii Pireesii Billenee Siyyum haasaa baniinsaa taasisaniiru. Itti Gaafatamtuun Biirichaa haasaa isaanii keessatti ogummaan teeknikaa fi dijitaalaa dargaggoota qabeenya biyyaalessaa murteessaa ta’uu ibsuun, waamicha Ministirri Muummee Ganna kana lakkoofsi koodaroota gara miiliyoona 7tti akka ol guddisu taasisan hojiirra ooluu isaa mirkaneessaniiru. Marii paanaalii itti aanu irratti ogeeyyiin afur kanneen Inishiyeetiivii Kooderoota Itoophiyaa Miiliyoona 5 irratti muuxannoo fi ilaalcha isaanii qoodaniiru. Paanaalistoonni Dr. Abiyyoot Baayyuu Gorsaa Olaanaa Ministira Innooveeshinii fi Teeknooloojii; Hojii Gaggeessaa Olaanaa dhaabbata Giiroo(gheero) Beeteeliheem Dassee , eebbifamaa inisheetivii kanaa Azmaraa Taaddasaa fi hojii uumtuu teknooloojii Maahileet Siyyum dha. Hirmaattonnii fi dargaggoonni dandeettii isaanii itti fufiinsaan akka guddisan, furmaata gochaan hojjetamuu danda’u akka qopheessan, guddinaa fi kalaqa sirna ikoo dijiitaalaa Itoophiyaa keessatti gahee isaanii akka ba’an jajjabeessaniiru. Dargaggoonni hirmaattonni ogummaa dijitaalaa ilaalchisee gaaffii paanalistootaaf kan dhiyeessan yoo ta’u, gaaffii isaaniif deebii kan argatanii fi guutuun waltajjii marii banaa fi muuxannoon kan itti wal jiijjirame ture. Muuxannoo wal jijjiiruun kun dandeettii dijitaalaa guddisuu fi jijjiirama biyyaalessaa saffisiisuu keessatti gahee olaanaa Inishiyeetiiviin Koodaroota Itoophiyaa Miiliyoona 5 qabu irra deebi’ee kan mirkaneesse ta’uu Waajjirichi ibseera. #PMOEthiopia #DigitalEthiopia2030 #5MillionEthiopianCoders #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Ispoortii
Chelsiin taphaataa isaa Enzoo Fernaandeez gurguruuf daangaa guyyaa xumuraa kaa'e
Aug 13, 2026 63
Hagayya 7/2018 (ENA): Cheelsiin taphaataa isaa Enzoo Fernaandeez gurguruuf daangaa guyyaa xumuraa kaa'uu beeksise. Maanchistar Siitiin taphataa sarara gidduu Cheelsii Enzoo Fernaandeez fudhachuuf fedhii akka qabu himamaa jira. Cheelsiinis Maanchistar Siitiin taphataa kanaa bituuf gaaffii nanbitaa daangaa guyyaa keessatti dhiheesuu danda'u murteeseera. Maanchistar Siitiin hanga Jimaata galgalaatti qofa Yuuroo miliyoona 120( £120) Cheelisiin beeksiseera jedhameera. Cheelisiin guyyaa kanaan booda Maanchistar Siitiin gaaffii taphaticha bituu yoo dhiheesse taphaticha akka hin gurgurre ibseera. Daangaa yeroo gurguraa kaa'ame kanas bakka buutota Maanchistar Siitii fi taphaticha beeksisuu isaa kilabichi ibseera.
PSG'n waggaa lammaffaaf walitti aansee waancaa Awurooppaa Suuper Kaappi injifate
Aug 13, 2026 87
Hagayya 7/2018 (ENA): PSG'n waggaa lammaffaaf walitti aansee waancaa Awurooppaa Suuper Kaappi injifateera. PSG'n tapha Awurooppaa Suuper Kaappiin Aston Viilaa 2 fi 1n injifachuun Shaampiyoonaa Liigii Kilaboota Awurooppaa ta'eera. Taphichaan PSG'f daqiiqaa 20ffaa irratti Kivachaa Kiravatiskeli'aan immoo Dizayer Duwee immoo daqiiqaa 61ffaa irratti goolii injifannoof isaan geesise galchaniru. Aston Viilaaf immoo Biiraayyaan Maagoon daqiiqaa 45ffaatti galchus; PSG'n Aston Viilaa injifachuun waancaa Awurooppaa Suuper Kaappi/ waancaa mo'aa mo'atootaa bara 2026 fudhateera.
PSG’n Aston Viilaa waliin; Tapha waancaa moo'attoota Awurooppaa
Aug 12, 2026 190
Hagayya 6/2018 (ENA): Taphni waancaa moo'attoota Awurooppaa har'a PSG fi Aston Viilaa gidduutti taphatama. Taphichi galgala sa'aatii 4 irratti ostiraaliyaa ‘Red Bull Arena’ keessatti taphatama. Kilabni PSG’n Faransaay tapha xumuraa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa kan gahe, xumura shaampiyoonsi liigii irratti Arsenaaliin adabbiin injifachuun waancaa fudhachuuni. Luusiis Enrikeetiin kan durfamu ‘PSG’n bara darbes tapha wal fakkaatuun Tootinaam adabbiin injifachuun waancaa kana injifachuun isaa kan yaadatamu qaba. Gama biraatiin ammoo Aston Viilaan leenjisaa Unayi Emretiin hogganamu, tapha har'aaf kan darbe tapha xumuraa Liigii Awurooppaatiin kilaba Jarmanii Firaayibargi 3 fi 0’n injifateeti. Seenaa keessatti Aston Viilaan si’a tokko, bara 1982 Baarseloonaa injifachuun waancaa kana kaase. PSG fi Aston Viilaan kanaan dura dorgommii Awurooppaa qofaan wal argan, shaampiyoonsi liigii bara 2024/25 irratti jechuudha. Yericha PSG’n dirree isaa irratti 3 fi 1’n yoo injifatu, Aston Viilaan ammoo Viilaa Paarki irratti 3 fi 2 injifate. PSG’n waliigalatti 5-4’n injifachuun gara walakkaa xumuraatti darbuun shaampiyoonaa dorgommii kanaa isa jalqabaa ta'eera. Tapha kana daran adda kan godhu riikardii murteessummaa inni galmeessisudha. Gamtaan Waldaalee Kubbaa Miilaa Awurooppaa (UEFA) tapha kana akka to'atu abbaa murtii lammii Somaaliyaa ganna 34 Omar Artaan filateera. Kunis seenaa dorgommii kanaa waggoota 51 keessatti abbaa murtii lammii Awurooppaa hin taane tapha xumuraa Shaampiyoonsi Liigii Awrooppaa kan jalqabaa isa taasisa. Taphichi sa'aatii idilee daqiiqaa 90 booda qixaan yoo xumurame, sa'aatii dabalataa osoo hin kenniin, kallattiin gara adabbiitti ni deema. Gareen injifate badhaasa maallaqaa Yuuroo miiliyoona shan kan argatu yoo ta'u, gareen mo'ame ammoo Yuuroo miiliyoona afur argatu. Kilabiin dorgommii kana irratti milkaa'ina guddaa kan argate Riyaal Maadriid yoo ta'u, yeroo 6 waancaa kana injifateera. Baarseloonaa fi Essi Miilaan waancaa shan qabachuun itti aanu. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Garee Atileetiksii Itiyoophiyaa Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa Umurii 20 gadii irratti hirmaataniif Simannaan taasifame
Aug 12, 2026 113
Hagayya 6/ 2018 (ENA): Garee Atileetiksii Itiyoophiyaa Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa Umurii 20 gadii Ameerikaa Origon keessatti gaggeeffame irratti hirmaachaa turaniif simannaa ho'aan taasifameefi. Itiyoophiyaan shaampiyoonaa kana walumaa galatti meedaaliyaa 6 argachuun kan xumurte yoo ta’u, warqee 2, meetii 3 fi naasa 1 aragatteetti. Biyyi dorgommii bara kanaa keessummeessite Ameerikaan meedaaliyaa 24’n dursaa xumurteetti. Keeniyaan meedaaliyaa 11 walitti qabachuun sadarkaa 2ffaa wayita baatu, Itiyoophiyaan dorgommii kana akka addunyaatti sadarkaa 5ffaa, akka Afrikaatti ammoo sadarkaa 2ffaa bahuun xumurteetti. Itiyoophiyaan dorgommii walfakkaatu waggaa lama dura Peeruu magaalaa Liimaatti gaggeeffameen warqee 6, walumaa galatti meedaaliyaa 10 argachuun ishee kan yaadatamudha. Shaampiyoonaan kun Ameerikaa bulchiinsa Origon magaalaa Yuujiin keessatti Adoolessa 29 hanga Hagayya 3, 2018tti gaggeeffameera. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Paarkiiwwan Biyyaalessaa Haala Qindoomina qabuun Hogganamuu Qabu - Abbaa Taayitichaa
Aug 6, 2026 468
Adoolessa 30/2018 (ENA): Hambaa idil addunyaa kan ta’e paarkiin biyyaalessa Gaarreen Baalee misoomsuunii fi madda galii itti fufinsa qabu taasisuuf waliin hojjechuun barbaachisaa ta’uu daarektarri Olaanaa Abbaa Taayitaa eegumasa Bineensota Bosonaafi fi Kunuunsa Itoophiyaa obbo Kumarraa Waaqjiraa ibsani. Workshopiin Karoora Bulchiinsa Waggaa Kudhanii Paarkii Biyyaalessaa Gaarreen Baalee (2027-2036) irratti mari’achuuf Baalee Roobeetti qooda fudhattoota waliin gaggeeffamaa jira. Waltajjicharratti Daarektarri Olaanaa Abbaa Taayitichaa obbo Kumarraa Waaqjiraa haasawa taasisaniin, waggoota darban keessatti paarkiiwwan biyyaalessaa fi iddoowwan eegumsa argatan keessatti hojii qindoominaan hojjetamaa tureen qormaanni paarkiiwwan mudatu hir’achuusaa ibsaniiru. Waggoota darbanitti bulchiinsa federaalaa, naannoo fi paarkii qindoominaan tattaaffii taasisaniin qormaanni paarkicha mudate hir’achuu isaa ibsaniiru. Akkasumas, dheedichi garmalee, bosona ciruu fi qubsumni seeraan alaa rakkoowwan jiraachuu paarkiiwwanii qormaata ta’aa turan keessaa tokko ta’uu fi yeroo ammaa hojii qindoominaan hojjetamaa jiruun hir’achaa akka jiran akeekaniiru. Bulchaan olaanaa godina Baalee obbo Abdulhaakim Alii akka jedhanitti, bulchiinsi paarkii biyyaalessaa fi heddummina lubbu qabeeyyii isaa sirnaan akka eegamu ciminaan hojjechatamaa jira. Kaayyoon guddaan karoora hoggansa waggaa kudhanii qophaa’aa jiru paarkicha eeguu fi misoomsuun fayyadamummaa hawaasa naannoo itti fufiinsa qabu mirkaneessuudha jedhan. Bulchiinsi paarkicha misoomsuu fi tiksuuf qooda fudhattoota sadarkaa sadarkaan jiran waliin ta’uun akka itti fufu akeekaniiru. Maastar pilaaniin mariif dhiyaate qooda fudhattoota hunda hirmaachisuun, filannoowwanii fi qormaata adda baasuun, furmaata itti kennuun itti gaafatamaan Paarkii Biyyaalessaa Gaarreen Baalee obbo Shaamil Kadir himaniiru. Dhaabbata Barnoota, Saayinsii fi Aadaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UNESCO)’n galmaa’ee hambaalee Itoophiyaa keessaa tokko kan ta’e Paarkiin Biyyoolessaa Gaarreen Baalee, Gadmsaa fi jeedala diimtuu dabalatee bineensota bosonaa bal’aa kan qabudha. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Sagantaan Ashaaraa Magariisaa guddina damee turizimii keessatti gumaacha olaanaa taasisaa jira
Aug 6, 2026 324
Adoolessa 30/2018 (ENA): Waajjirri Aadaa fi Tuurizimii Godina Harargee Lixaa Sagantaan Ashaaraa Magariisaa guddina turizimii keessatti gumaacha olaanaa taasisaa jiraachuu beeksise. Waggoota saddeet darban keessatti hojiiwwan dhaabbii fi kunuunsi Sagantaa Ashaaraa Magariisaa jalatti hojjetaman uwwisa bosonaa dabaluu fi haroo goge deebisee burqisiisaa jiraachuu keessatti bu’aa qabatamaa agarsiisaniiru. Akka dursaan garee misooma gahumsa turizimii waajjirichaa obbo Saaniyoo Adam ENAtti akka himanittii, iddoowwan bosonaa fi ikoo-tuurizimii Godinicha keessa jiran mukkeen mandhaleen waan uwwifamaniif lakkoofsi bineensota bosonaa godinicha keessatti baay’ee dabalaa jira jedhan. Aanaa Doobbaa, Habroo, Odaa Bultum, Ancar, Shanan Dhugoo, Ciroo fi Gammachiis bosonni dandamachaa kan ture yoo ta’u, kunis baay’ina bineensota bosonaa dabalaa jira jedhan. Dursaan garee kun bosonni uumamaa aanaa Ancarii fi aanaa Gammachiis gaara Muktaar keessatti bosonni uumamaa argamu baay’ina bineensota bosonaa kanneen akka Gadamsaa, Karkarroo,Bosonuufi bineensonni biroon akka aragaman ibsaniiru. Milkaa’inni kan biraan waggoota kurnanii oliif gogee kan ture haroo Carcar aanaalee Habroo, Bookee fi Odaa Bultum keessatti argamu deebisee akka maddu taasiseera. Haroo kana daran misoomsuu fi beeksisuuf akkasumas bakka gahumsa turizimii isaa guddisuuf tattaaffiin taasifamaa akka jirus obbo Saaniyoo ibsaniiru. Hojii gaggeesituu Dhaabbata Bosonaa fi Bineensota Bosonaa Oromiyaa damee Harargee Aadde Faakiyaa Adam sagantaa Ashaaraa Magariisaa jalatti biqiltuu dhaabuun bosonni hawaasaa kanaan dura haalaan manca’ee ture ulfina duraan turetti deebi’uu isaa mirkaneessaniiru. Kunis baay’ina bineensota bosonaa naannoo sana jiran dabaluudhaan adamsa seera qabeessa ta’een galii akka argatan taasiseera jedhani. Bara baajataa xumurame kana qofatti adamsa seeraatiin birri miiliyoona lamaa ol kan argame ta’uu ibsuun, galiin irra caalaan isaa qonnaan bultoota kunuunsaa fi bulchiinsa bosona naannoo sanaa irratti bobba’aniif raabsamee, fayyadamummaa kallattiin hawaasaaf mirkaneesseera jedhani. Qonnaan bulaan aanaa Gammachiis Ganda Diingatee Ahmad Sulee sagantaan Ashaaraa magariisaa naannoon sun rooba idilee akka argatu gochuudhaan qonnaafi horsiisa beeyladaatiif haala mijataa uumeera jechuun ragaa ba’aniiru. Kanaan dura sababa qoginsaan baay’inni bosonaa hir’achaa kan ture yoo ta’u, amma garuu hojii ashaaraa magariisaa irraa kan ka’e baay’inni bosonaa dabalaa dhufuu fi lakkoofsi bineensota bosonaa dabalaa akka jiru yaadachiisaniiru. Odeeffannoon Waajjira Aadaa fi Tuurizimii godinicha irraa argame akka mul’isutti, godina Harargee Lixaatti bakkeewwan hawwata turizimii 50 ol adda baafamaniiru. Isaan keessaa harki caalaan isaanii bosona uumamaa fi ikoo-tuurizimii irratti kan xiyyeeffataniidha. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Waloomaan yoo hojjetan waanti hin milkoofne hin jiru-Hayyoota
Aug 6, 2026 311
Adoolessa 30/2018 (ENA): Sagantaan dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoo kun Itoophiyaanonni yaada Ida’amuun yoo waliin hojjetan kaayyoo biyyaalessaa ofii galmaan gahuu akka danda’an agarsiisa jedhan hayyoonni yunivarsistii Madda Walaabuu. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Itoophiyaan guyyaa tokkotti biqiltuu miiliyoona 805.3 dhaabuun Afrikaaf fakkeenya ta’uu ibsaniiru. Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi Ahimad biyyi keenya of bira darbitee, guutuu Afrikaaf fakkeenya guddaa ta'uu ishee beeksisaniiru. Sagantaa dhaabbii biqiltuu ashaaraa magariisaa guyyaa tokkoof adeemsifame ilaachisuun hayyoota damichaa yunivarsiistii Madda Walaabuu waliin ENA’n turtii taasiseera. Akka hayyoonni kun jedhanitti, sagantaan ashaaraa magariisaa kun aadaa dandeettii walootiin kaayyoo biyyaalessaa galmaan gahuu guddisuu qofa osoo hin taane, dhaloonni itti aanu mallattoo isaa akka kaa’u barsiiseera. Barsiisaa Yunivarsiistichaa kan ta’an Gargaaraa Piroofeesar Alamaayyoo Abaataa hayyuu Bishaanii fi Eegumsa Naannoo, sagantaan dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoo kun Itoophiyaanonni yeroo waliin dhaabbatan akkamitti dinqii hojjechuu akka danda’an fakkeenya guddaadha jedhan. Sagantaan ashaaraa Magariisaa biyyattii yeroo yeroon biqiltuu dhaabuu fi daagaa hidhuun lageen akka hin gogneefi gochuun faalama naannoo hir’isuuf gargaaraa turuu ibsaniiru. Jijjiirama qilleensaa ittisuu, oomishtummaa qonnaan bulaa guddisuu, carraa hojii uumuun milkaa’inni hedduun galmaa’uu isaas hubachiisaniiru. Itoophiyaanonni kaayyoo waloo tokkoof yeroo waliin dhaabbatan akkamitti raajii hojjechuu akka danda’an sagantaan biqiltuu dhaabuu guyyaa tokkoo fakkeenya guddaa ta’uu ibsaniiru. Ijaarsi Hidha Haaromsa Guddicha Itoophiyaa, kan lammiileen biyyattii miira xiiqiin dhugoome fakkeenyota tokkummaa fi dandeettii biyyaalessaa qindaa’aa kanaa keessaa tokko ta’uu eeraniiru. Yunivarsiitichatti barsiisaa saayinsii naannoo fi qorataa damee bosonaa Umar Abdallaa akka himanitti, Sagantaan ashaaraa magariisaa biyyattiin hojiirra oolchaa jirtu kun eegumsa naannoo qofa osoo hin taane faayidaa itti fufiinsa qabuu fi addunyaa maraaf kan fayyadu dha jedhani. Waggoota darban keessatti hojiiwwan damee kana keessatti gabbina biyyee eeguu fi manca’iinsa lafaa ittisuun wabii nyaataa mirkaneessuuf hojjetamaa turan bu’aa jajjabeessaa agarsiisuu jalqabaniiru jedhan. Jijjiirama qilleensaa fi gogiinsa addunyaa dandamachuudhaan oomishtummaan qonnaa akka dabale eeraniiru. Hojii damee bosonaa fi eegumsa naannootiin hojjetamaa jiruun dargaggoota hedduuf carraa hojii uumuu bira darbee ummanni kaayyoo waloo biyyaalessaa dhaabuu fi kunuunsuun aadaa tokkummaa isaa cimsuuf waltajjii guddaa ta’uu ibsaniiru. Hayyoonni kunneen itti dabaluudhaan, Itoophiyaanoonni karoora, dandeettii fi tokkummaa cimaa mataa isaaniitiin yoo socho’an badhaadhina waliigalaa mirkaneessuu akka danda’an fakkeenya qabatamaa ta’uu ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Sosochiin Ummataa Duula Ashaaraa Magariisaa irratti mul’ate ummatni gamtaan yoo hiriire jijjiirama guddaa fiduu akka danda’u mirkaneessee jira
Aug 5, 2026 381
Adoolessa 29/2018 (ENA): Sosochiin Ummataa Duula Ashaaraa magariisaa irratti mul’ate ummatni gamtaan yoo hiriire jijjiirama guddaa fiduu akka danda’u kan mirkaneesse ta’uu Hayyoonni Yuunivarsiitii Jimma ibsan. Ministira Mummee Doktor Abiyyi Ahmadiin bara 2011 kan jalqabame Innisheetiivii Ashaaraa Magariisaa, faayyidan damdaneessuummaa isaa qabatamaan mul’achaa jira. Sagantaan kun keessattuu Miidhaa jijjiirama qilleensaan dhufu hir'isuuf, biyyeen akka hin dhiqamne ittisuuf,wabii nyaataa mirkaneessuufi uwwisa bosona biyyattii xiqqaate ture dabaluuf yaadameeti. Kanaanis waggoota darbaniif guutuu biyyaatti "guyyaa tokkoon biqiltuu dhaabuu" dabalatee uummata tokkummaan sochoosuun biqiltuu biliyoonaan lakka'aman dhaabuun danda'amera. Bara kanas duula dhabbii biqiltuu guyyaa tokkoon biqiltuu miliyoona 800 dhaabuuf kan karoorfame ture yoo ta’u, tumsa fi hirmaannaa Itoophiyaanootaatiin karoora olitti galmaan ga'uun danda'ameera. Dhimma kana ilaalchisuun hayyoonni Yuunivarsiitii Jimmaa yaada isaanii ENA'f kennaniruu; sagantaan guyyaa tokkoon raawwatame kun tokkummaan yoo dhaabbannee biyya keenya guddisuu fi jijjiiruu akka dandeenyu qabatamaan kan agarsiisedha jedhan. Barsiisaa fi qorataan damee qabeenya uumamaa Kolleejjii Qonnaa fi Beelladaa Yuunivarsiitii Jimmaaa, Doktor Xibabuu Alamuu; uummanni dammaqinaan ba'ee biqiltuu dhaabuun isaa miira abbummaa uumuu bira dabree aadaa ta'aa dhufu dubbataniira. Hojiiwwan misoomaa duulaan raawwannu Itoophiyaa gara sadarkaa fooyya'aatti kan ceesisan fi dhaloota dhufuuf bu'uura kan kaa'an ta'uu isaa milka’inni biqiltuu dhaabuu guyyaa tokkoo argasiiseera jedhaniira. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa waggoota darbatan keessatti fayyadamummaa lakka'amee hin dhumne kan argamsiise ta'uu kan ibsan Doktor Xibabuu Alamuu; pirojeektiin kun naannoo jijjiiruu bira dabree dargaggootaaf carraa hojii uumuu isaa eeraniiru. Dabalataanis, dubartoota fi daa’imman dabalatee garaagarummaa tokko malee uummata kan tokkumsee fi uummanni faayidaa biqiltuu dhaabuu caalaatti akka hubatu kan taasisedha jedhaniiru. Sagantaan kun xiyyeeffannoo dhaabbilee Idil-Addunyaa fi dhaabbilee Sab-qunnamtii kan harkise ta'uu kan eeran hayyuun kun; kunis Itoophiyoonni yoo tumsan biyya dhiibbaa uumtuu fi mo'attu ijaaruu akka danda'an kan mirkaneessaadha jedhan. Bu'aa tokkummaa beekuu kan barbaadu Injiffannoo Adwaa fi Hidha Haaroomsaa Guddicha Itoophiyaa yaadachuun gahaa ta'uu kan dubbatan hayyuun kun; yoo waltumsine wal-dhiibuun hafee walii galteen caalaatti gabbachaa deema jedhaniiru. Barsiisaa fi qorataan damee qabeenya uumamaa Kolleejjii Qonnaa fi Beelladaa Yuunivarsiitii Jimmaaa, kan ta’an Geetinnat Sayid sagantaan Ashaaraa Magariisaa uwwisa bosonaa biyyattii dabaluu fi wabii nyaataa mirkaneessuu bira dabree, hiika guddaa fi cee’uumsaa kan qabu ta'uu ibsaniiru. Waqtii jijjiiramni qilleensaa addunyaa dhiphisaa jiru kanatti, tokkummaan keenya biyya irra dabree qaama furmaata rakkoo Addunyaa ta'aa jira jedhaniiru. Keessattuu sagantaa duula Ashaaraa Magariisaa guyyaa tokkoo irratti lammiileen garaagarummaa tokko malee waggaa waggaadhaan tokkummaadhaan ashaaraa isaanii kaa'uun isaanii; nagaa keenyaaf, guddina keenyaaf fi hiyyummaa balleessuuf shoora bakka hin buune kan taphatu ta'uu ibsaniiru.
Gabaasa addaa
Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti - Itti aanaa Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa
Jun 9, 2026 16230
Waxabajji 2 /2018 (ENA): Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti jedhani itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan muummee ministiraa Pirojektoota misoomaa adda addaa magaalaa Woldiyaatti ijaaraman eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Yeroo eebba kanaatti pirojektoonni misoomaa eebbifaman imala biyyattiin gara fuulduraatti taasiftu kan agarsiisan yoo ta’u, guddinni Itiyoophiyaa eenyullee dhaabuu akka hin dandeenye kuni ragaadha jedhan. Itti aanaan ministira muummee kun ummanni magaalaa Woldiyaa finxaaleyyii fi qoqqoodinsa mormuudhaan kan beekamu ta’uu ibsuun, filannoon isaanii irra deddeebiin nagaa fi mootummaa cimaa ta’uu isaa kan argisiisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan baandota irratti qabsaa’aa jira jedhani. Waggoota 50 fi 60 darbaniif warri yaada dulloomaatiin qabaman guddina ariifataa biyyattii hubachuu akka hin dandeenyes ibsaniiru. Warri bosona keessa jiran jijjiirama guddaa biyyatti dhufe kan akka misooma koridarii, maaddii guutuu, pirojektoota misoomaa fi oomisha qamadii arguu akka hin dandeenye dubbataniiru. Misoomni koridarii magaalota keessatti gaggeeffamaa jiru dhimma bareedinaa qofa osoo hin taane magaalota ammayyeessuun sadarkaa jireenyaa ummataa ol kaasuuf kaayyoo ta’uu ibsaniiru. Magaalonni Itiyoophiyaa magaalota Baha Afriikaa fi addunyaa waliin dorgomuu akka qaban ibsaniiru; akkasumas tajaajila ammayyeessuuf tajaajilli giddugala tokkoo guutuu biyyattiitti babal’achaa akka jiru hubachiisaniiru. Manneen kitaabaa ummataa, manneen kitaabaa dijitaalaa fi kaffeewwan saayinsii magaalaa Woldiyaatti ijaaraman odeeffannoo guyyaa guyyaa irraa gara beekumsaa fi qorannoo gadi fagootti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan, abbootii qabeenyaa fi ummanni pirojektoota misoomaa eegalaman gara baadiyyaatti babal’isuun badhaadhina biyyattii dhugoomsuuf waliin hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 15960
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.