ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad pirezidaantii Faransaayi Imaanu’eel Maakroon waliin mari’atan
Nov 22, 2025 112
Sadaasa 13/2018 (TOI)- Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad pirezidaantii Faransaayi Imaanu’eel Maakroon waliin mari’ataniiru. Ministirri muummee Dr Abiyyi Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaasaaniin dabarsaniin, hariiroon Itiyoophiyaa fi Faransaayi tumsa taasifamaa jiraniin cimuusaa ibsaniiru. Haala Kanaan sadarkaa tumsi biyyoota lamaanii irra jiru irratti pirezidaantii Faransaayi waliin mari’achuusaanii beeksisaniiru.
Cheelsiin Barnleeyi mo’atee sadarkaasaa gara lammaffaatti guddise
Nov 22, 2025 43
Sadaasa 13/2018 (TOI)- piriimar Liigii Ingiliz turban 12ffaa tapha jalqabaatiin Cheelsiin Barnleeyiin 2 fi 0’n mo’ateera. Tapha Istaadiyeemii Beter Muunitti gaggeeffameen Peedroo Neetoo fi Enzoo Farnaandeez galchii Cheelsiin ittiin mo’ate galchaniiru. Akkaataa qabxii kanaatiin Cheelsiin qabxii 23’n sadarkaasaa sadaffaarraa lammaffaatti guddifateera. Gama biraatiin bara dorgommii kana yeroo saddettaffaaf kan mo’ame Barnleeyi qabxii 10niin sadarkaa 17ffaa qabateera.
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad mootii Abudaabii Sheek Kaaleed Biin Mahaammud Biin Zaayid Alnahiyaan waliin mari’atan
Nov 22, 2025 134
Sadaasa 13/2018(TOI)- Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad yaa’ii garee 20 cinaatti mootii Abudaabii Sheek Kaaleed Biin Mahaammud Biin Zaayid Alnahiyaan waliin mari’ataniiru. Ministirri muummee erga fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniirratti dabarsaniin yaa’ii garee 20 cinaatti mootii Abudaabii Sheek Kaaleed Biin Mahaammud Biin Zaayid Alnahiyaan waliin mari’achuuf carraa arganneerra jedhaniiru. Mariin taasisanis tumsa tarsiimawaa cimsuun tarkaanfii waloo caalaaf carraalee jira ilaaluurratti kan xiyyeeffate akka ture ibsaniiru.
Bulchiinsi magaalichaa waadaa gale kabajuun hojiilee jiraattota magaalichaa fayyadamoo taasisan hojjechaa jira
Nov 22, 2025 84
Sadaasa 13/2018(TOI)- Bulchiinsi Magaalaa Finfinne waadaa galae kabajuun hojiilee jiraattota magaalichaa fayyadamoo taasisan hojjechaa jiraachuu Kantiibaa Adaanech Abeebee ibsan. Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Adaanach Abeebeen, manneen waliin jireenyaa (kondomineemii ) kutaa magaalaa Laaftoo bakka Addabaabayii Jarmanitti ijaaraman, akkasumas manneen waliin jireenyaa kutaa magaala Kolfee Qaraaniyoo Giraarii fi Ayyar Xeenaatti ijaraman eebbisaniiru. Manneen eebbifamanii dabarfaman, baatii sadii keessatti saffisaa fi qulqullinaan, gamoowwan 24, kan darbii 11 hanga 18 qaban naannawa jireenyaaf mijataa waliin ijaaramuu eeraniiru. Har’a manneen jireenyaa ammayyaa kuma 1fi 287 jiraattotaaf dabarfamuu ibsaniiru. Bulchiinsi magaalattii akka ibsetti lammiileen hedduun pirojektoota nama giddu galeessa godhateen abbaa manaa ta’aniiru; magaalattiin jiraattota isheef mijataa fi bareedduu taasisuun bakka jireenyaa filatamaa ta'e uumamuu ibsaniiru. Fedhii misoomaa magaalichaa guutuuf hojiiwwan hedduun hojjetamaa akka jiran hubachiisanii, dhiyeessii fi fedhii mana jireenyaa walsimsiisuuf filannoowwan adda addaa hojiirra oolaa akka jiran himaniiru. Kanaanis jiraattota karaa misoomsitoota dhuunfaa, kiraan, waldaaleen, dhuunfaa fi mootummaa, fi filannoowwan birootiin jiraattota man hin qabne akka mana aragatan taasisaa jirra jedhan aadde Adaanach Abeebeen. Jijjiirama biyyaalessaa booda manneen kuma 380 ol ijaaramuu eeruun fedhii mana jireenyaa lammiilee guutuuf invastaroota dhuunfaa waliin hojiin dabalataa akka hojjetamu waamicha dhiyeessaniiru. Kalaqaanii fi ariifachuun, gaaffilee bu’uuraa hawaasaa deebisuun akka danda’ame ibsuun, kanaanis fayyadamummaa lammiilee mirkaneessuun manneen sadarkaa isaanii eeggatanii fi fedhii misoomaa bu’uraa hunda guutan mirkaneessuuf tattaaffiintaasifamaa jira. Itti gaafatamtuun Biiroo Misooma Manneenii fi Bulchiinsaa Magaalaa Finfinnee Qiddist W/Giyoorgis akka jedhanitti, manneen har’a eebbifaman bu’uuraalee misoomaa hunda kan qaban yoo ta’u, jireenyaaf mijataa ta’uu ibsaniiru. Saayitii Addabaabayii Jarmanitti argamutti manneen lafaa jalatti 2 fi gamoo abbaa darbii 15 akka ijaaraman eeraniiru. Saayitii kanattis misoomni paarkiiwwanii kan ijaaraman ta’uu, iddoo magariisaa, iddoo dhaabbii konkolaataa fi bu’uuraaleen misoomaa barbaachisoo biroo guutamuufii ibsaniiru.
Adeemsa marii biyyoolessaaf hirmaannaa fi tumsi dubartootaa, Dargaggootaa fi qaama miidhamtootaa murteessaa dha- Komishinar Dr.Yoonaas Adaayyee
Nov 22, 2025 98
Sadaasa13/2018(TOI )-Adeemsa Marichaaf tumsii fi hirmaannaa cimaan Dubartootaa, dargaggootaa fi qaama miidhamtootaa murteessaa ta’uu komishinarri komishinii marii biyyoolessa Itiyoophgiyaa Dr. Yoodaas Adaayyee dubbatan. Adeemsa marichaarratti qooda Dubartootaa, dargaggootaa fi qaama miidhamtootaa ilaalchisee komishinii marii biyyoolessa Itiyoophiyaa Magaalaa Jimmaatti waltajjii marii gaggeessaa jira. Waltajjii marii kanarratti bakka bu'oonni Godinaalee Wallaggaa afran, Iluu Abbbaabooraa, Buunnoo Beddellee, Shawaa Kibba Lixaa, Magaalaa Jimmaa fi godinoota Jimmaarraa kan walitti dhufan hirmaataniiru. Komishinarri marii biyyoolessaa Itiyoophiyaa doktar Yoonaas Adaayyee waltajjicharratti haasawa taasisaniin, adeemsa marii gaggeeffamaa jiru keessatti tumsii fi hirmaannaan dubartootaa, dargaggoota fi qaama miidhamtootaa haala hunda hammatee fi hirmaachisaa ta’een barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru. Adeemsa kana keessatti kutaalee hawaasaa adda addaa akka hirmaatan tattaaffiin taasifamaa akka jiru eeruun, hirmaannaan dubartootaa, dargaggoota fi qaama miidhamtootaa cimee itti fufuu qaba jedhaniiru. Ajandaa hawaasaa walitti qabuun furmaata waaraa argachuuf adeemsi marii gaggeeffamaa akka jiru Komishinarri Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Ambaasaaddar Mahmuud Diriir ibsaniiru. Adeemsa kana keessatti hirmaannaan dubartootaa, dargaggoota fi qaama miidhamtootaa murteessaa waan ta’eef haalaan cimee itti fufuu akka qabu cimsanii dubbataniiru. Hirmaattonni marii kanaa gama isaaniitiin Komishiniin Marii biyyaalessaa, nagaa waaraa buusuuf bakka bu’oota kutaalee hawaasaa hunda hirmaachisuun hojii hojjechaa jiru dinqisiifataniiru. Carraa gaarii kanatti f gargaaramuun waa’ee biyyasaaniirratti mari’achuuf qophii ta’uu mirkaneessaniiru. Godina Buunnoo Baddalleerraa kan hirmaatan obbo Badhaasaa Saddetaa, magaalaa Aggarroorra kan dhufan adde Ruuqiyaa Kadir fi magaalaa Jimmaarraa kan hirmaatan obbo Salamoon Yixnaa, waltajjii marii kanarratii hirmaachuusaaniitti gammaduusaanii ibsanii, rakkoolee biyya keenyaa waloof furmaata waloo barbaaduuf qooda keenya nibaana jedhaniiru. Komishinaroonni, abbootiin amantaa, jaarsoliin biyyaa, dubartoonni, dargaggoonnii fi qaama miidhamtoonni kan hirmaatan yoo ta’u mariin kun borus akka itti fufu beekameera.
Siyaasa

Bu’a qabeessummaa marii biyyaalessaatiif hirmaannaan lammiilee hundaa murteessaa dha - Komishinara Olaanaa Piroofeesar Masfin Ar’ayaa
Nov 22, 2025 88
Sadaasa 13/2018(TOI)-Bu’a qabeessummaa Marii Biyyaalessaatiif hirmaannaan lammiilee hundaa murteessaa ta’uu komishinarri olaanaa koishinii Marii biyyaalessa Piroofeesar Masfin Ara’ayaa ibsani. Waltajjiin marii dubartoota, dargaggoota, fi qaama miidhamtoota naannoo Oromiyaa hirmaachise magaalaa Adaamaatti gaggeeffamaa jira. Waltajjii marii kanaa irratti argamuun ergaa kan dabarsan komishinarri olaanoo komishinii marii biyyaalessaa Pirofeesar Masfin Ara’ayaan bu’a qabeessummaa marii biyyaalessaatiif hirmaannaan lammiilee hundaa murteessaa ta’uu eeraniiru. Komishinichi marii biyyoolessaa dubartoota, dargaggootaa, fi qaama miidhamtoota dabalatee kutaaleen hawaasaa fi qooda fudhattoonni hundi itti hirmaatan gaggeessuu qophii isaa cimsuun itti fufuu ibsaniiru. Adeemsa kana keessattis dubartoonni ,dargaggoonnii fi qaama miidhamtoonni dammaqinaan hirmaachuu akka qaban yaadachiisaniiru. Lammiileen kaayyoo fi hojii komishinichaa irratti hubannoo gahaa fi ifa ta’e akka qabaataniif akkasumas bu’a qabeessummaa marii kanaa keessatti gahee isaanii akka ba’ataniif hojiiwwan adda addaa hojjetamuu ibsuun, hojiiwwan milkaa’oo ta’an hojjetamuu isaanii Komishinarri Olaanaan kuni ibsaniiru. Akkasumas dhaabbileen, waldaaleen hawaasummaa, dhaabbileen siyaasaa, diyaaspoora, fi kutaalee hawaasaa adda addaa biroo irraa ajandaa walitti qabuu kaasaniiru. Waltajjiin marii Adaamaas adeemsa marii kana keessatti hirmaannaa dubartootaa, dargaggootaa fi qaama miidhamtootaaf haala mijeessee milkaa’ina marii biyyaalessaa mirkaneessuu fi ga’ee isaanii cimsanii akka bahatan kan taasisu ta’uu ibsaniiru. Komishinarri Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Mulugeetaa Aagoo gama isaaniitiin, rakkoolee karaa nagaa furuuf mariin barbaachisaa ta’uu cimsanii kan ibsan yoo ta’u, komishinichi hanga ammaatti ajandaalee barbaachisoo ta’an waliti qabuu dabalatee hojiiwwan hedduu raawwachuusaa ibsaniiru. Waltajjichis dubartoonni, dargaggoonnii fi qaama miidhamtoonni marii biyyaalessaa itti aanee gaggeeffamuuf hubannoo fooyya’aa qabaachuu fi hirmaannaa isaanii cimsuu akka qaban ibsaniiru.
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Fiigicha Guddicha Itiyoophiyaa boru gaggeeffamuuf daandiiwwan cufaa ta’an beeksise
Nov 22, 2025 99
Sdaasa 13/2018(TOI)-Yeroo 25ffaaf kan adeemsifamu Fiigicha Guddicha Itiyoophiyaa ilaalchisee jalqabamee hanga xumuramutti daandiiwwan konkolaataa cufaa ta’an Poolisiin magaalaa Finfinnee beeksiseera. Fiigichi Guddicha Itiyoophiyaa Sadaasa14, 2018 magaalaa Finfinneetti gaggeeffamu irratti hirmaattonni biyya keessaa fi alaa, ambaasaaddaroonnii fi atileetotni affeeraman hedduun kan irratti hirmaatan, fiigichi kun ka’umsi isaafi xumurri isaa Addabaabayii Masqalaa irraa akka ta’e ibsameera. Fiigichi kuni jalqabamee hanga xumuramutti daandiiwwan konkolaataa cufaa ta’an poolisiin magaalaa Finfinnee beeksiseera. Nageenya waliiniif jecha, hirmaattonni dorgommichaa sakatta’iinsi akka jiraatu beekanii deeggarsa barbaachisu gochuu akka qaban poolisiin beeksiseera. Poolisiin magaalaa Finfinnee jiraattonni naannolee hirmaattonni dorgommii kanaa itti darban jiraatan, akkuma kanaan duraa humnoota nageenyaa cinaa dhaabbachuun tumsa isaanii cimsuu akka itti fufan waamicha dhiyeesseera. Dorgommichi nagaan jalqabamee nagaan akka xumuramuuf qaamoleen nageenyaa qophii dursaa taasisanii gara hojiitti seenuu ibsameera. Kaayyoo dorgommichaan ala hojiiwwan seeraan alaa fi ergaa dabarsuun miira dorgommii waan jeequuf, qindeessituu fi hirmaattonni of eeggannoo barbaachisu akka godhan yaadachiifameera. Haaluma kanaan Dorgommichi jalqabamee hanga xumuramutti daandiiwwan konkolaataaf cufaa ta’an Adda baabaayii Olompiyaatii gara Adda baabaayii Masqalaa(Adda baabaayii Olompiyaa) Adda baabaayii Xilahuunirraa gara Saanjooseef Mabraat(Adda baabaayii Xilahuun),konkolaattota gurguddaaf Siniimaa Agonaa Ibsaa Gamtaa Afrikaa irraa gara ada baabayii Meeksikoo(Xiyyit Beet Masqalanyaa) Ibsaa Paarlaamaa irra gara marfata konsan(ibsaa Paarlaamaa) Marfata Konsan irraa gara Gabri’eel(Marfata Konsan) Xiyyit Beet irraa gara duuba Gabri’ee(Marfata Xiyyit Beetii) Adda baabaayii dubartootaa irraa gara Kaasaanchisitti(Adda baabaayii dubartootaa) Adda baabaayii dubartootaa irraa gara Tootaal Kaasaanchisitti(Adda baabaayii dubartootaa) Addabaabayii 22 ykn Gamoo Zarihuun irraa gara Addabaabayii Uraa’el (Walqunnamtii Gamoo Zarihuun). Daandii Haaraa Piikook irraa gara Addabaabayii Uraa’el (Ibsaa Piikook) Addabaabayii Gaazeboo irraa gara Danbal (Addabaabayii Gaazeboo) Qaxxaamura Mana qulqullummaa Qiirqoos irraa gara ibsaa Laga Haaritti(Mana Qulullummaa Qiirqoos) Marfata Hospitaala Landmark irraa gara Hoteela Gannat ykn gara ibsaa Gannat (walqunnamtii Hospitaala Landmark) Gamoo Xamaamaa irraa gara adda baabaayii Meeksikootti(Walquunnamtii gamoo Xamaamaa) Daandii Gamtaa Afrikaa irraa gara Addabaabayii Meeksikoo (Walquunnamti Warshaa Rasaasaa Meeksikoo ) Ibsaa Farasanyaa irraa gara dirree Caffeetti(ibsaa Farasanyaa) Walquunnamtii Mollaa Maaruu irraa gara nannoo Geejjaa(Walquunnamtii naannoo Geejjaa) Addabaabayii Mana Murtii Ol’aanaa irraa gara Addabaabayii Meeksikoo (Addabaabayii Mana Murtii Ol’aanaa) Sangaa Taraa 40/60 irraa gara ibsaa Sangaa Taraa (Marfata Sangaa Taraa 40/60) Ibsaa Gommaa Quxxabaa irraa gara Tiyaatira Biyyoolessaa(Ibsaa Gommaa Quxxabaa) Marfata Meetirooloojii irraa gara ibsaa mana Poostaa(Marfata Meetirooloojii) Sheelii Hospilaa Xuqur Anbassaa irraa gara Immigireeshinii(Sheelii Xuqur Anbassaa) Mana Qulqullummaa Mikaa’elaa Gollaa irraa gara Immiigireeshinii(Walquunnamtii Mikaa’ela Gollaa) Addabaabayii Teediroos irraa gara Masaraa Mootummaatti (Addabaabayii Teediroos) Daandiiwwan armaan olitti ibsaman hanga dorgommiin xumuramutti ganama sa’aatii 11:30 irraa eegalee akka cufaman, daandiiwwan armaan olitti ibsaman irratti yeroo gabaabaas ta’e yeroo dheeraa irratti konkolaataa dhaabuun Dilbata galgala sa’aatii 12:00 irraa eegalee akka dhorkamu Poolisiin magaalaa Finfinnee beeksiseera. Tajaajila poolisii argachuuf lakkoofsa bilbilaa 011 1110111 ykn lakkoofsa bilbilaa bilisaa 991 fayyadamuun bilbiluu akka danda’amu poolisiin magaalaa Finfinnee ibseera.
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad Pirezidaantii Afriikaa Kibbaa Siiriil Ramafosaa waliin mari’atan
Nov 22, 2025 100
Sadaasa 13/2018 (TOI)- Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad Pirezidaantii Afriikaa Kibbaa Siiriil Ramafosaa waliin mari’ataniiru. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniirratti dabarsanin jala bultiiyaa’ii miseensa garee hooggantoota Afriikaa garee 20tti pirezidaantii biyya yaa’icha qopheessituu Siiriil Ramafoosaa waliin wal arguusaanii ibsaniiru. Yaa’iin seensa qabeessi G-20 dachee Afriikaarratti qophaa’uusaatiin dhimmoota garagaraa irratti akka sumas yaa’ii kanarratti sagalee fi fedhiin waloo Afriikaa haala dhihaachuu danda’urratti mari’achuusaanii ibsaniiru.
Guyyaan Saboota, Sablammootaa fi Ummatootaa tokkummaa biyyoolessaa cimsuu fi badhaadhina biyyaa keessatti gahee murteessaa taphachaa jira
Nov 21, 2025 227
Sadaasa 12/2018(TOI)-Guyyaan ayyaana kabaja Saboota,Sablammootaa fi Ummatoota Itiyoophiyaa tokkummaa sabdaneessummaa cimsuun, badhaadhina biyyaaf shoora olaanaa bahachaa jiaraachuu Af-yaa’iin Mana Mare magaalaa Finfinnee Buzeenaa Alkadiir ibsani. Waltajjiin marii hawaasaa qaama kabaja guyyaa saboota, sablammootaa fi uummatoota Itiyoophiyaa 20ffaa ta'e, magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jiru, irratti bakka bu'oonni Bulchiinsa Magaalaa Finfinneefi bakka bu’oonni naannolee irraa dhufan hirmaataa jiru. Af-yaa’iin Mana Maree Magaalaa Finfinnee,Buzeenaa Alkadir haasaa waltajjicharratti taasisaniin, guyyaan kun hariiroo walii gabbisuu fi wal baruu, akkasumas bu’aa misoomaa sadarkaa biyyaatti galmaa’aa jiru ilaaluuf gumaacha guddaa akka qabu ibsaniiru. Waltajjiin marii kun kan qophaa’e, hariiroo hawaasaa fi uummataa bu’aa qabatamaa mul’ata badhaadhinaa ilaaluu fi muuxannoo wal jijjiiruuf kan qophaa’e ta’uu ibsaniiru. Waggoota jijjiiramaa darban keessatti biyyittiin gama hawaasummaa, diinagdee fi siyaasaan guddina ajaa’ibsiisaa galmeessisaa jirti jedhan. Biyyi keenya wabii nyaataan of danda’uuf adeemsa jalqabdee hojjechaa jirtu bu’a qabeessa ta’uu kaasaniiru. Bara kana yeroo abdiin guddinaa keenyaa sadarkaa olaanaa irra jiru, magaalaa Finfinneetti guyyaa kana waliin kabajuun injifannoo irratti gammachuu qooddachuu qofa osoo hin taane, abdii egeree galmaan ga’uuf qormaata ogummaadhaan injifachuuf yerootti waadaa galamu akka ta’e cimsanii dubbataniiru. Misoomni hunda galeessa milkaa’uu kan danda’u, tattaaffii mootummaan qofa osoo hin taanee hirmaannaa uummataatiin, tattaaffii waloo akka barbaadu Af-yaa’iin kuni hubachiisaniiru. Nageenya waaraa fi Itiyoophiyaa badhaate dhaloota egereef dabarsuu keessatti lammiileen hundi gumaacha barbaachisaa gochuun akka irraa eegamu cimsanii dubbataniiru.
Ministirri muummee Federeeshinii Maaleezhiyaa Daatoo Seerii Anwaar Biin Ibraahiim turtii Itiyoophiyaatti taasisan xumuruun gara biyya isaaniitti deebi’an
Nov 20, 2025 424
Sadaasa 11/2018(TOI)- Muummichi Minisitiraa Federeeshinii Maaleezhiyaa Daatoo Seerii Anwaar Biin Ibraahiim daawannaa Itiyoophiyaatti taasisan xumuruun gara biyya isaaniitti deebi’aniiru. Ministirri Muummichaafi jilli isaanii gara biyya isaaniitti yeroo deebi’anitti, itti aanaan Ministira Muummee Itiyoophiyaa Tamasgeen Xurunaa buufata xiyyaaraa idil addunyaa Booleetti argamuun gaggeessaa ho’aa taasisaniiruufi. Muummichi Minisitiraa Federeeshinii Maaleezhiyaa Daatoo Seerii Anwaar Biin Ibraahiim daawannaa hojii Itiyoophiyaatti taasisaniin muummicha ministiraa Itiyoophiyaa dooktar Abiy Ahimad waliin hariiroo hunda galeessa biyyoota lameenii irratti mari’achuu himaniiru. Biyyoonni lameen, dameewwan turizimii, tajaajila geejjibaa qilleensaa fi tajaajila fayyaa irratti waliigaltee wal ta’insaa waliif mallatteessaniiru. Kana malees, waliigaltichi gama walta’iinsa hariiroo, Mana Maree magaalaa Kuwaaraa Laampuurii fi bulchiinsa magaalaa Finfinnee cimsuu irratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsameera. Muummichi Minisitiraa Federeeshinii Maaleezhiyaa Daatoo Seerii Anwaar Biin Ibraahiim daawannaa hojii Itiyoophiyaatti taasisaniin,Godambaa Yaadannoo Injifannoo Adawaa daawwataniiru. Bakka pireezidaantiin FDRI Taayyee Asqasillaasee argamanitti, Ministirri Muummee Feedereeshinii Maaleezhiyaa Daatoo Seerii Anwaar Biin Ibraahiim, Fooramii diinagdee olaanaa Itiyoo-Maaleezhiyaa, Giddugala Konveenshinii Idil Addunyaa Addisitti gaggeeffame irratti hirmaataniiru. Hariiroo dippilomaasii Itiyoophiyaa fi Maaleezhiyaa gara tumsa diinagdee olaanaatti jijjiiruuf daawwannaan isaanii Itiyoophiyaa keessatti taasisan gahee murteessaa akka qabus mirkaneessaniiru. Ministirri Muummee Federeeshinii Maaleezhiyaa, Biyya Baha Fagoo Eeshiyaa Daatoo Seerii Anwaar Biin Ibraahim daawwannaa isaanii guyyoota lamaaf Itiyoophiyaatti taasisaa turan xumuranii gara biyya isaaniitti deebi'aniiru.

Hawaasummaa
Dhaqqabamummaan hawattummaa turizimii magaalaa Finfinnee akka dabaluuf Fiigichi Guddicha Itiyoophiyaa gahee olaanaa qaba
Nov 22, 2025 63
Sdaasa 13/2018(TOI)-Dhaqqabamummaan hawattummaa turizimii magaalaa Finfinnee akka dabaluuf Fiigichi Guddicha Itiyoophiyaa gahee olaanaa akka qabu biroon komunikeeshinii magaalaa Finfinnee beeksise. Dorgommiin Fiigicha Guddicha Itiyoophiyaa kiloomeetirri 10 boru Sadaasa 14 2018 magaalaa Finfinneetti gaggeeffama. Fiigicha kana ilaalchisee ibsa miidiyaaleef kennaniin, itti gaafatamaan Biiroo Kominikeeshinii Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Haftaayi G/Igzaabiheer, Fiigichi Guddaan Itiyoophiyaa miidhagina magaalittiif gahee olaanaa qaba jedhaniiru. Akkasumas hariiroo jireenya hawaasummaa cimsuun gahee olaanaa bahata jedhan. Dorgommiin kun magaalaa Finfinnee bal’inaan addunyaaf beeksisaa kan ture ta’uu eeruun, gara fuuladuraattis baay’inni turistootaa akka dabaluuf shoora olaanaa bahata jedhaniiru. Yeroo ammaa kanatti bu’uuraaleen misoomaa hedduun hojjetamuu eeruun, hirmaattonni dorgommichaas bu’uuraalee misoomaa kanneen hawaasa idil addunyaaf akka beeksisan waamicha dhiyeessaniiru. Jiraattonni magaalaa Finfinnees dorgomtoota deeggaruun miidhagina dabalataa akka kennaniif dhaamaniru. Bulchiinsi magaalichaa turizimii ispoortii bal’inaan beeksisuuf kan hojjetu ta’uu fi deeggarsa taateewwan ispoortii akkanaa cimsuu kan itti fufu ta’uu mirkaneessaniiru.
Sagantaan nyaata Barattootaa guddina sektera Barnootaaf qooda olaanaa gumaachaa jira
Nov 22, 2025 48
Sadaasa13/2018(TOI )- Sagantaan nyaata Barattootaa Manneen Barnootaatti eegalame guddinaa fi bayyanachuu sektera Barnootaaf qooda olaanaa gumaachuusaa hoggantoonni Waajjira Barnootaa Godina Shawa Bahaa fi Magaalaa Adaamaa dubbatan. Godinaa fi Bulchiinsa Magaalichaatti sagantaan nyaata Barattootaa hojiirra ooluu hordofuun bu’aa argame ilaalchisuun TOI hoggantoota Barnootaa Godina Shawaa Bahaa fi Magaalaa Adaamaa dubbiseera. Itti Gaafatamaan Waajjira Barnootaa Godina shawa Bahaa Girmaa Lammaa Bara Barnootaa qabametti hojii baruu fi barsiisuu dadammaqsuuf hojiiwwan ijoo qabaman keessaa tokko sagantaa nyaata Barattootaati. Bu’uuruma Kanaan bara kana Godinichatti manneen Barnootaa Idileen duraa fi sadarkaa 1ffaa 744tti Sagantaan Soorata Barattootaa eegaluu dubbataniiru. Manneen Barnoota hafanitti sagantaan soorataa eegaluuf hojetamaa jiraachuu eeraniiru. Nyaanni Barattootaa Mannee Barnootaatti eegalauun addaan kutinsa barattootaa kan hir’ise ta’uu fi hirmaannaa fi fudhannaa Barnoota Barattootaa guddisuu hubachiisaniiru. Sagantan nyaata barattootaa eegaluun guddinaa fi bayyanachuu sektera barnootaaf qooda olaanaa gumachaa jira jedhaniiru. Itti Gaafatamaan Waajjira Barnootaa Magaalaa Adaamaa Obbo Darajjee Tasfaayee , sagantaan soorata barattootaa damee barnootaan jijirama guddaa fidaa kan jiru muuxannoo gaarii ta’u dubbataniiru. Bulchiinsa magaalichaatti bara darbe manne barnootaa idileen duraa 32 fi sadarkaa 1ffaa 64 sagantan soorataa eegaluu kaasuun bara kanas cimee itti fufuu ibsaniiru. Kanaanis nageenyi barattootaa akka eegamu , fudhannaan barnootasanii akka guddatuu fi qulqullina barnootaa mirkaneessuuf baay’ee gargaara jedhaniiru. Sagantaa hojiirra oolmaasarratti qooda fudhattoonni adda addaa , dhaabbileen tola ooltotaa, jiraattonni magaalichaa fi kanneen biroon kan hirmaatan ta’uu eeruun hirmaannaa fi tumsisaanii cimee akka ittifufuf gaafataniiru.
Ministirri Fayyaa dooktar Maqdas Dhaabaa, Hospitaala Waliigalaa Jinkaatti argamuun yaalamtoota vaayirasichaan wiirtuuwwan adda baafamanii yaalamaa jiran daawwatan
Nov 22, 2025 70
Sadaasa 12/2018(TOI)- Ministirri Fayyaa dooktar Maqdas Dhaabaa, Hospitaala Waliigalaa Jinkaatti argamuun yaalamtoota dhibee vaayirasii Maarbargi wiirtuuwwan adda baafamanii yaalamaa jiran daawwataniiru. Bakkeewwan yaalamtoonni vaayirasichaa adda baafaman argamanitti daawwannaa taasisaniin Dr. Maqdas akka jedhanitti to’annooniifi hordoffiin dhibee vaayirasichaaf taasifamu cimee kan itti fufu ta’uu eeraniiru. Wayita ammaatti namoonni sadii qofa dhibee vaayirasii Maarbargiin qabamanii kan jiran ta’uu eeruun, yaalli barbaachisaan isaaniif taasifamaafii jiraachuu himaniiru. Dhibeen vaayirasichaa akka hin babal’anneef hawaasni of eeggannoo cimsuu akka qabu dhaamaniiru Dr. Maqdas. Bulchaa Naannoo Kibba Itiyoophiyaa kan ta’an obbo Xilahuun Kabbadaa gama isaaniin akka jedhanitti,dhibeen vaayirasii Maarbargi rakkoo hawasumaa hamaa akka hin geessisneef qaamoleen hunduu tattaaffii taasisaa jiraachuu himaniiru. Hawaasnis gorsa ogeessonni fayyaa kennan hojiirra oolchuun,vaayirasichi akka hin babal’anneef gargaaruu akka qabu dhaamaniiru. Hogganaan Biiroo Fayyaa Naannichaa obbo Indaashaawu Shibbiruu gama isaaniitiin vaayirasii Maarbargi ittisuuf sosochiin qindoomina qabu qooda fudhattoota hirmaachise adeemsifamaa jiraachuu eeruun, hawaasa birattis hojiin hubannoo uumuu bal’inaan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Dhaabbilee fayyaaf meeshaalee yaalaa guutuun, hojiin to’annoofi ittisa vaayirasichaa bu’a qabeessa akka ta’uuf deeggarsi itti fufee jiru gara fuula duraattis cimee kan itti fufu ta’uus ibsaniiru. Ministeerri Fayyaa hospitaalichaaf meeshaalee adda addaa birrii miiliyoona 18tti tilmaamamu kan vaayirasicha ittisuuf gargaaran deeggarsa taasiseera.
Manni murtichi himatamaa yakka ajjeechaa Ogeessa wal’aansaa Hospitaala Xibabe Giyoon kan tura Dr.Andu’alam Daanyee rratti raawwate hidhaa cimaa wagga 25 itti murteesse
Nov 21, 2025 165
Sadaasa 12/2018(TOI )-Manni Murtii olaanaa Baahaar Daarii fi naannoosaa himatamaa yakka ajjeechaa Ogeessa wal’aansaa hospitaala ispeeshaalayizdii Xibabe Giyoon kan turan Dr.Andu’alam Daanyeerratti raawwate adabbii hidhaa cimaa waggaa 25 itti murteesse. Manni Murtii olaanaa Baahaar Daarii fi naannoosaa dhadacha murtii har’a ooleen himatamaa Ogeessa wal’aansaa hospitaala ispeeshaalayizdii Xibabe giyoon kan turan Dr.Andu’alam Daanyee irratti raawwate irratti odeeffannoo fi ragaa dhihaate bu’uura godhachuun murtii dabarseera. Ajjeechaa himatamaan kun Doktarii kanarratti raawwatan Amajjii 24 bara 2017 galgala magaalaa Baahir Daaritti konkolaataasaanii osoo oofanii eeguunii fi qophaa’uun rasaasaa dhukaasuun ajjeesuu manni murtichi raagaa dhihaateen mirkaneesseera. Yeroo sana sa’aatii walfakkaataatti doktara wal’aansaa biroorraatti rasasa dhukaasuun qaama konkolaataasaanii rukutuun yaaliin ajjeechaa taassifamuu manni murtichi ragaan mirkaneesseera . Yakki Ajjeechaa erga raawwatamee eegalee ragaa fi odeeffannoo walitti qabuun garee qorannoo cimaa dhaabatee hojiisaa xumuruun mana murtiif dhiheesseera. Adeemsa qorannoo kan keessatti qajeelcha polisii olaanaa naannichaa fi Bulchiinsa Magalichaarraa gareen qorannoo hundaa’ee halkanii fi guyyaa odeeffannoo fi ragaa walitti qabuun yakkicha kan raawwachiisanii fi kan raawwate bira ga’uun danda’ameera. Bu’uuruma Kanaan manni murtii Baahir Daarii fi naannooshee bu’a qorannoo dhihatee fi bu’uura godhachuun dhaddachaa har’a ooleen nama dhuunfaa yakkicha raawwate Issubaaloo Nabar irratti murtii adabbii hidhaa cimaa wagga 25 dabarseera.
Diinagdee
Bulchiinsi magaalichaa waadaa gale kabajuun hojiilee jiraattota magaalichaa fayyadamoo taasisan hojjechaa jira
Nov 22, 2025 84
Sadaasa 13/2018(TOI)- Bulchiinsi Magaalaa Finfinne waadaa galae kabajuun hojiilee jiraattota magaalichaa fayyadamoo taasisan hojjechaa jiraachuu Kantiibaa Adaanech Abeebee ibsan. Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Adaanach Abeebeen, manneen waliin jireenyaa (kondomineemii ) kutaa magaalaa Laaftoo bakka Addabaabayii Jarmanitti ijaaraman, akkasumas manneen waliin jireenyaa kutaa magaala Kolfee Qaraaniyoo Giraarii fi Ayyar Xeenaatti ijaraman eebbisaniiru. Manneen eebbifamanii dabarfaman, baatii sadii keessatti saffisaa fi qulqullinaan, gamoowwan 24, kan darbii 11 hanga 18 qaban naannawa jireenyaaf mijataa waliin ijaaramuu eeraniiru. Har’a manneen jireenyaa ammayyaa kuma 1fi 287 jiraattotaaf dabarfamuu ibsaniiru. Bulchiinsi magaalattii akka ibsetti lammiileen hedduun pirojektoota nama giddu galeessa godhateen abbaa manaa ta’aniiru; magaalattiin jiraattota isheef mijataa fi bareedduu taasisuun bakka jireenyaa filatamaa ta'e uumamuu ibsaniiru. Fedhii misoomaa magaalichaa guutuuf hojiiwwan hedduun hojjetamaa akka jiran hubachiisanii, dhiyeessii fi fedhii mana jireenyaa walsimsiisuuf filannoowwan adda addaa hojiirra oolaa akka jiran himaniiru. Kanaanis jiraattota karaa misoomsitoota dhuunfaa, kiraan, waldaaleen, dhuunfaa fi mootummaa, fi filannoowwan birootiin jiraattota man hin qabne akka mana aragatan taasisaa jirra jedhan aadde Adaanach Abeebeen. Jijjiirama biyyaalessaa booda manneen kuma 380 ol ijaaramuu eeruun fedhii mana jireenyaa lammiilee guutuuf invastaroota dhuunfaa waliin hojiin dabalataa akka hojjetamu waamicha dhiyeessaniiru. Kalaqaanii fi ariifachuun, gaaffilee bu’uuraa hawaasaa deebisuun akka danda’ame ibsuun, kanaanis fayyadamummaa lammiilee mirkaneessuun manneen sadarkaa isaanii eeggatanii fi fedhii misoomaa bu’uraa hunda guutan mirkaneessuuf tattaaffiintaasifamaa jira. Itti gaafatamtuun Biiroo Misooma Manneenii fi Bulchiinsaa Magaalaa Finfinnee Qiddist W/Giyoorgis akka jedhanitti, manneen har’a eebbifaman bu’uuraalee misoomaa hunda kan qaban yoo ta’u, jireenyaaf mijataa ta’uu ibsaniiru. Saayitii Addabaabayii Jarmanitti argamutti manneen lafaa jalatti 2 fi gamoo abbaa darbii 15 akka ijaaraman eeraniiru. Saayitii kanattis misoomni paarkiiwwanii kan ijaaraman ta’uu, iddoo magariisaa, iddoo dhaabbii konkolaataa fi bu’uuraaleen misoomaa barbaachisoo biroo guutamuufii ibsaniiru.
Yaa’iin hoggantoota biyyoota garee 20 Afriikaa Kibbaatti gaggeefamuu eegaleera
Nov 22, 2025 76
Sadaasa 13/2018(TOI )- Yaa’iin Hoggantoota biyyoota miseensota garee 20 har’a Afriikaa Kibbaa Magaalaa Johaanisbargitti gaggeeffamuu eegaleera. Yaa’iin kun mataduree ”tumsa, walqixxummaa fi itti fufiinsa “ jedhuun yeroo jalqabaaf Afriikaatti gaggeeffaa jira. Baninsa yaa’ichaarratti dura taa’aan biyyoota miseensota garee 20 fi Pirezidaantiin Afriikaa Kibbaa Siriil Ramaafoosaa fi hoggntoonni biyyoota garichaa argamaniiru. Ministirri Muumee Dr.Abiyyi Ahimad yaa’icharratti hirmaachaa jiru. Ya’iin biyyoota garee 20 bara kanaa guddina Dinagdee Hirmaachisaa fi fulla’insa qabu irratti xiyyeeffata jedhaniiru. Yaa’icharratti mariin faayinaansiin hojiiwwan misoomaa, bulchiinsa idaa idil-addunyaa, fi biyyoota miseensaa hunda qixa fayyadamoo taassisuu irratti xiyyeeffatan ni gaggeeffamu. Hoggantoonni kun dhaabbilee faayinaansii idil-Addunyaarratti fooya’insi akka taassifamuuf dhiibbaa taassisu kan jedhame yoo ta’u, waljijiiraa daldalaa guddisuu fi fayyadamummaa dinagdee haqa qabeessa mirkaneessuun Ajandaawwan xiyyeeffannoon itti kennamu dha. Jijjiirama haala qilleensa ittisuu, cehumsa Anniisaa haqa qabeessa mirkaneessuu fi sirna sorataa cimaa ijaaruun dhiibbaan hin raafamne xiyyeeffannoon itti kennameera. Hubannoo Namtolchee, Bulchiinsa daataa, Albuudawwan gatii qaalii fi fayyadamummaa haqa qabeessa lammiilee ajandawwan biroo ya’ichaatti. Keessumaa Biyyoota Kibbaa fi biyyoota Afrikaa Seera qabeessaan akkaataa itti fayadama teekinooloojii fi qabeenya uumamaa qixa sirrii ta’een fayyadamuun misooma haqa qabeessaa fi itti fufinsa qabu mirkaneessuu irratti mariin ni gaggeeffama. Yaa’iin biyyoota garee 20 hanga boruutti ni tura.
Itiyoophiyaan akkaadaamii daandii baaburaa ijaaruufi
Nov 22, 2025 50
Sadaasa 13/2018(TOI)- Itiyoophiyaan Afrikaa Bahaatti dorgomaa kan ta’e akkaadaamii daandii baaburaa ijaaruufi Akkaadaamichi Magaalaa Bishooftuu aanaa Kiiloleetti kan ijaaramu yoo ta’u, ijaarsi kun lafa heektaara 62 irratti raawwatamu bsameera. Ministirri Ministeera Geejjibaa fi Loojistikii doktar Alamuu Simee fi hoji gaggeessaan Korporeeshinii daandii Baaburaa lafoo Itiyoophiyaa Injiinar Hilliinaa Balaachoo Magaalaa Bishooftuu aanaa Kiiloleetti dhagaa bu'uuraa kaa'aniiru. Ministirri Geejjibaa fi Loojistikii doktar Alamuu Simee wayita kana akka jedhanitti, bu’uuraalee daandii baaburaa ammayyaa biyyoota ollaa hunda waliin wal qunnamsiisan hundeessuun dabalatatti, industiricha hirkattummaa biyya alaa irraa bilisa baasuuf teeknooloojiin deeggarame bocamee hojiirra oolaa jira. Industirii daandii baaburaatiif humna namaa ogummaan gahoome horachuuf akkasumas ogeessota bakka bu’oota leenjisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Akkaadaamiin daandii baaburaa Itiyoophiyaatti ijaaramuuf jiru, yeroo xumuramu, dhaqqabamummaan industirichaa akka dabaluuf gargaara jedhaniiru. Ogeessota biyyoota ollaa irraa dhufaniif leenjii kennuun madda sharafa alaa ta’ee akka tajaajilus hubachiisaniiru. Hojii gaggeessaan Korporeeshinii daandii Baaburaa Itiyoophiyaa injiinar Hilliinaa Balaachoo, geejjibni baaburaa sochii meeshaalee biyya alaa fi biyya keesaa ariifachiisuun ni mijeessa jedhaniiru. Akkaadaamichi yeroo xumuramu naannicha dippiloomaasii barnootaa waliin kan walqunnamsiisu ta’uu ibsaniiru. Akkaadaamichi magaalattiif kennaa fi hawata turizimii dabalataa ta’ee kan tajaajilu ta’uu kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Bishooftuu obbo Alamaayyoo Asaffaa ibsaniiru. Kanaaf bulchiinsi magaalichaa ijaarsi akkaadaamichaa yeroo qabameef keessatti akka xumuramu kan deeggaru ta’uu ibsaniiru.
Waarshichi sanyii Shonkoraa Agadaa haaraa gara omishaatti galchuufi
Nov 22, 2025 61
Sadaasa13/2018(TOI )-Qabiyyee Shukkaarasaaniin sanyii duraanii caalaa kan fooyya’anii fi qorannoon kan misooman sanyii Shonkoraa agadaa haarawaa toorba omishatti galchuuf akka ta’e Waarshaan Shukkaara Wanjii beeksise. Adeemsi qorannoosaanii xumuramee sadarkaa sanyiitti baay’ifamanii gara omishaatti akkka galan sanyii Shonkoraahagadaa haarawaa adda baafaman keessaa Afur Mandhaalee ta’uusaanii waarshaa Shukkaaraa Wanjiitti hoogganaan Qorannoo fi tajaajilaa hubannoo uumuu Amrootee Taklee TOI’f ibsaniiru. Sanyiiwwan mandhaaleen kun, L-151(agadaa adii) ,L-153 (Shonkoraa buskullaa),L-159(shonkoraa adii) fi L-422 ta’uusaanii ibsaniiru Gama biroon sadii Faransayii kan dhufan ta’uu eeruun isaanis, PSR-97092, FG-04298, FG-04197 kan jedhaman sanyiiwwan Shonkoraa agadaa ta’uusaanii hubachiisaniiru. Sanyiiwwan kun sadarkaa Agadaa gaariirra jiraachuu eeruun, yeroo dhaabbii bara kanaa misoomsuun baay’isanii gara tajaajila omishaatti galchuun ni danda’ama jedhaniiru. Sanyiiwwan shonkora Aagadaa haaraan yeroo gahanitti ariitiin dhibee dandamatanii haala qilleensaa kam keessattuu madaquunii fi qabiyyee Shukkaara saaniin sanyiiwwan duraan turanirraa fooya’oo ta’uusanii mirkaneessaniiru. Hoogganaan wajjira Hojii gaggeessaa olaanaan warshichaa Iyu’el Leelangoo gamasaaniin, sanyiiwwan shonkooraa adeemsa oomishaarra jiran sagal waarshichi ammaan dura itti fayyadamu keessaa qooda olaanaa kan qaban sadii qofa ta’uu kaasaniiru. Kanaaf hanqinni gosa sanyii Shonkoraa Agadaa rakkoo bu’uuraa industirii Shukkaaraa ta’uu eeraniiru. Bu’uuruma Kanaan qorannoon sanyiiwwan haarawaa xumuramee gara boqonnaa itti aanuttu ce’uun Industirii Sukkaaraa keessatti rakkoo bu’uuraa gosa sanyii shonkoraa hagadaa ni hir’isa jedhaniiru. Qorannoo Sanyiiwwan Shonkoraa hagadaa haaraa toorba kan gaggeessan damee qorannoo fi leenjii fi warshaa Shukkaaraa Wanjii waliin ta’uunidha.
Saayinsii fi teeknooloojii
Tajaajilli wiirtuun tokkoo Masoob magaalaa Jimmaa ifaajii fi dadhabbii hambisuun, yeroo fi humna keenya nuuf qusateera-Tajaajilamtoota
Nov 20, 2025 153
Sadaasa 11/2018(TOI)- Wiirtuun tajaajila tokkoo (MESOB),magaalaa Jimmaa ifaajiifi dadhabbii hambisuun, yeroofi humna nuuf qusateera jedhan tajaajilamtoonni magaalaa Jimmaa. Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob sirna teeknooloojiin deeggaramuun, dhimmoota kenniinsa tajaajilaa irratti komii fi hudhaalee gama kanaan hawaasni kaasaa ture, hojmaata itti fufiinsa qabuun furuuf kan qophaa’e dha. Kenniinsa tajaajilichaa ilaalchisee turtii TOI waliin kan taasisan fayyadamaan wiirtuu sanaa obbo Mo’aaz Jihaad lakkoofsa gibiraa baafachuuf akka dhaqan himuun, tajaajila argatanitti gammaduun yeroo isaanii kan qusateef ta’uu dubbataniiru. Fayyadamaan tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob dargaggoo Asras Yohaannis, gama isaatiin, eeyyama konkolachisaa haaromsachuuf gara dhaabbatichaa kan deeme ta’uu eeruun, kanaan dura kenniinsa tajaajilaa waliin walqabatee hudhaaleen turan, wayita ammaa yeroo gabaabaa keessatti keessummeeffamuu ragaa baheera. Kenniinsi tajaajilichaas ammayyaa fi si’ataa waan ta’eef itti fufuu akka qabus dhaameera. Fayyadamtoota biroo aadde Indiyaa Mohaammad Amiinii fi aadde Kamiilaa Jamaal, tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob yeroo fi rakkina odeeffannoo barbaaduu fooyyesseera jedhan. Tajaajilli kanaan dura ture beellama yeroo dheeraa qabsiisuu ture, ifaajii fi rakkoo hamaaf nu saaxilaa ture, amma garuu tajaajila si’ataa argachuun, yeroo fi maallaqa nuuf qusateera jedhan tajaajilamtoonni kunniin. Kenniinsa tajaajilaa argatanittis gammadoo ta’uu isaanii himaniiru. Tajaajilii si’ataa fi ariifataan akkanaa jalqabame itti fufuu akka qabu dhaamaniiru. Magaalaa Jimmaa tajaajila wiirtuu tokkoo Masoobitti , itti aanaa hojii gaggeessaa obbo Jamaal Saaliin akka jedhanitti, tajaajilli ammayyaa kun bifa guutuu ta'een, ogeessota leenji'anii fi teeknooloojiin deeggaramee kennamaa jira. Itti dabaluunis tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob kun waajjiraalee 25 keessatti tajaajila gosa adda addaa 130 ol ta’een, teeknooloojiin deeggaramuun kennamaa jira jedhan. Kunis hojmaata badaa hambisuunii fi itti quufinsa tajaajila maamilaa guddisuun shoora olaanaa bahataa jira jedhaniiru obbo Jamaal.
Baankiiin Daldala Itiyoophiyaa aggaammii saayibarii dursanii to’achuuf isa dandeessisu horachaa jiraachuu beeksise
Nov 20, 2025 129
Sadaasa11/2018- Baankiiin Daldala Itiyoophiyaa aggaammii saayibarii dursanii to’achuuf isa dandeessisu horachaa jiraachuu beeksiseera. Baankichi baatii 2ffaa Nageenya Saayibarii yeroo kabajutti, Pirezidaantiin itti aanaa Tajaajila Korporeetii Baankichaa obbo Efreem Makuriyaa akka jedhanitti, Itiyoophiyaan misooma dijitaalaaf xiyyeeffannoo olaanaa kennaa jirti. Kanumaan wal qabatee, boqonnaa jalqabaa tarsiimoo Dijitaalaayizeeshiniin gaggeeffamu (2020-2025) milkaa'inaan xumuruun gara boqonnaa Tarsiimoo Dijitaalaayizeeshinii 2ffaa (2025-2030)tti ce’uu ibsaniiru. Bittaa fi gurgurtaa waliigalaa baankichaa keessaa %90 gama dijitaalaan taasifamuu eeruun, kanas caalaatti guddisuuf hojjatamaa jiraachuu himaniiru. Kutaaleen nageenya saayibarii Tarsiimoo Nageenyaa hubannoo namtolcheen (AI)n deeggaramu hojiirra oola jedhaniiru. Aggaammii Saayibarii ittisuuf tumsi akka barbaachisu dhaamaniiru. Haleellaa saayibarii ittisuun hojii qaama tokkoo qofa akka hin taane eeruun, qaamotni dhimmi ilaallatu tumsa isaanii cimsuu akka itti fufan waamicha dhiyeessaniiru.
Naannoo Oromiyaatti tajaajila fayyaa Dijiitaalaa babal’isuuf hojjetamaa jira – Biiricha
Nov 18, 2025 233
Sadaasa 9/2018(TOI)– Naannoo Oromiyaatti tajaajila fayyaa Dijiitaalaa dhaabbilee Wal’aansaa hundatti bal’isuun wal’aansa si’ataa dhaqqabamaa taassisuuf hojjetamaa jiraachuu Biiroon Fayyaa Naannichaa beeksise. Tarsiimoon Dijiitaalaa Itiyoophiyaan ifatti akka taa’etti tajaajilawwan mootummaa ammayyeessuun dijiitaala fayyaa dabalatee dameelee hedduu babal’isuun hojii tokkodha. Tajaajila Damee fayyaa dijiitalaayizii gochuuf siistemoota misoomsuu, bu’uuraalee misoomaa odeeffannoo teekinooloojii (ICT) diriirsuu, bulchiinsa Dijiitaalaa dhugoomsuu, akkasumas sirna hoj-maataa qopheessuun sadarkaa biyyoolessaatti hojiirra oolchuun hojiiwwan gurguddoodha. Itti Aanaann hoogganaa Biiroo Fayyaa Oromiyaa Dr. Tasfaayee Kibabaaw TOI’f akka ibsanitti, sirni dijiitaala fayyaa tajaajila fayyaa si’ataa, qulquullinasaa kan eeggatee fi Amansiisaa gochuu dandeessisa. Kun akka dhugoomu hospitaalota naannichaa filataman keessatti tajajila dijiitaalaa fayyaa waraqaarraa bilisa ta’e sadarkaa payileetiitti hojiirra oolee bu’aa qabeessa ta’uu ibsaniiru. Kunis kenna tajaajila fayyaa ifa, dhaqqabamaa, ariifataa gochuu fi imala dijiitaalaayizeeshinii akka biyyaatti eegalameef boqonnaa guddaa banaa akka jiru dubbataniiru. Yeroo ammaa Hospitalota Naaannicha keessa jiran hundatti, sadarkaa buuftaa fi keellaa fayyaatti, babl’isuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Hojii gaggeessan hospitaala waliigalaa Bishooftuu Dr.Taaddasaa Gonfaa gamasaaniin, hospitaalichi dhukkubsattoota miliyoona 3’f tajaajila kennaa jiraachuu ibsuun, tajaajilawwan wal’aansa gosa hundaa guutummaa guutuutti dijitaalayizii gooneerra jedhaniiru. Kunis deddebbii yaalamtootaa hir’isuun tajaajilamtoonni salphaatti ogeessotasaanii waliin akka wal hubatan gochuun tajaajila ariifataa akka argatan taassiseera jedhaniiru. Tajaajilli Dijiitaala Fayyaaa hojiirra ooluuun wal’aanamtootaaf tajaajilli qulqullina qabu akka kennamu taasisuurra darbee deddeebbii Yaalamtootaa hir’iseera kan jedhan immoo hojii gaggeessa walii galaa hospitaala Gindhiir Nuur Zalaami dha. Dijiitaalli fayyaa hojiimaata dameelee adda duree jijiiramaa Ammayyaa’aa fayyaa fidaa jiran keessatti kan eeraman ta’uu hubachiisaniiru. Yeroo ammaa tajaajilamtoota miiliyoona lama ta’aniif tajaajila kennaa jiraachuu dubbachuun sirna dijiitaala fayyaa diriirfamuun tajaajilichi si’ataa fi bu’aa qabeessa taasiseera jedhaniiru.
Riifoormichi magaalonni maddeen teekinooloojii ta’uusaanii qabatamaan kan itti mul’atedha
Nov 17, 2025 168
Sadaasa 08/2018(TOI)-Agarsiisni Fooramii Magaalota 10ffaan mootummaa ida’amuu keessatti gaggeeffame magaalonni madda beekumsa teeknooloojii ta’uu qabatamaan kan agarsiise ta’uu Ministirri Magaalaa fi Bu’uura misoomaa aadde Caaltuu Saanii ibsaniiru. Fooramiin Magaalota Itiyoophiyaa 10ffaan Naannoo Affaar magaalaa Samaraa Loogiyaatti mata duree "Guddinni Magaalotaa Olaantummaa Itiyoophiyaaf" jedhuun gaggeeffamaa jira. Hogganaan Giddugala sadarkaa itti aanaa ministira muummeetti Qindeessaan qindeessa Ijaarsa sirna Dimokiraasii fi itti aanaa pirezidaantii Paartii Badhaadhinaa Adam Faraah agarsiisa Fooramii Magaalota Itiyoophiyaa 10ffaa eegalchiisuun isaanii ni yaadatama. Ministirri Magaalaa fi Bu'uura misoomaa Caaltuu Saanii agarsiisa qophaa'e daawwataniiru. Dawwannaa isaaniin walqabatee turtii Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa waliin taasisaniin akka himanitti, fooramichi guddina magaalotaaf shoora olaanaa qaba. Hawaasni magaalota adda addaa keessa jiraatus bakkatti muuxannoo wal jijjiiran ta’uu eeraniiru. Agarsiifni kuni bakkatti magaalonni walbaraniin dabalatatti, hojiileen kalaqaa bakkatti muuxannoon waljijjiiramu ta’uu eeraniiru. Mootummaa ida’amuu keessa magaalaaleen bakka beekumsi teeknooloojii itti maddu ta’uun qabatamaan kan itti mul’ate ta’uu beeksisaniiru.
Ispoortii
Cheelsiin Barnleeyi mo’atee sadarkaasaa gara lammaffaatti guddise
Nov 22, 2025 43
Sadaasa 13/2018 (TOI)- piriimar Liigii Ingiliz turban 12ffaa tapha jalqabaatiin Cheelsiin Barnleeyiin 2 fi 0’n mo’ateera. Tapha Istaadiyeemii Beter Muunitti gaggeeffameen Peedroo Neetoo fi Enzoo Farnaandeez galchii Cheelsiin ittiin mo’ate galchaniiru. Akkaataa qabxii kanaatiin Cheelsiin qabxii 23’n sadarkaasaa sadaffaarraa lammaffaatti guddifateera. Gama biraatiin bara dorgommii kana yeroo saddettaffaaf kan mo’ame Barnleeyi qabxii 10niin sadarkaa 17ffaa qabateera.
Piriimerliigii Dubartootaatiin kutaan magaalaa Lidataa magaalaa Hawaasaa waliin, Magaalaan Finfinnee magaalaa Arbaaminchi waliin ni taphatu
Nov 21, 2025 130
Sadaasa 12/2018(TOI)-Piriimer lLiigii dubartootaa torban 7ffaan taphoonni xumuraa lama har’a nigaggeeffamu. Har’a ganama sa’aatii 4 irraa eegalee kutaan magaalaa Lidataa magaalaa Hawaasaa waliin Istaadiyeemii baankii daldala Itiyoophiyaatti taphachaa jiru. Kutaan magaalaa Lidataa taphoota liigii ja'a irratti yeroo tokko qofa injifachuun, yeroo sadii mo'amee, yeroo lama qixa ba'eera. Taphoota sana irratti goolii shan galchuun galchii 10 keessummeesseera. Garichi qabxii shaniin sadarkaa 11ffaa qabateera. Morkataan isaa magaalaan Hawaasaa bara kana hanga ammaatti taphoota ja'a keessaa afur injifachuun, yeroo lama mo'amuun isaa ni yaadatama. Galchii 11 galchuun, galchiin 6 itti lakkaa’ameera. Magaalaan Hawaasaa qabxii galchii 12n sadarkaa arfaffaa irra jira. Taphichi gareen lamaanuu gara injifannootti ce’uuf kan isaan dandeessisudha. Tapha biraatiin ammoo magaalaan Finfinnee magaalaa Arbaaminchi waliin waaree booda sa'aatii 7:00 irratti Istaadiyeemii Baankii Daldala Itiyoophiyaatti ni taphata. Magaalaan Finfinnee taphoota liigii ja'a keessaa yeroo tokko injifachuun shan moo'amuun isaa ni yaadatama. Taphoota sanaan qabxii lama galchuun, galchiin 13 immoo itti lakkaahameera. Garichi qabxii sadiin sadarkaa dhumaa 14ffaa qabateera. Magaalaan Arbaa Minchi bara kana taphoota 6 taphateen yeroo tokko qofa injifateera. Yeroo afur mo'amuun al tokko qixa ba'aniiru. Magaalaan Arbaa Minchi qabxii afuriin sadarkaa 13ffaa qabatee, sadarkaa gadi aanaa irratti argama. Gareen lachuu injifannoo isaanii lammaffaa liigichaan galmeessisuuf ni taphatu.
Taphoota piriimar Liigii Itiyoophiyaa torban toorbaffaa
Nov 21, 2025 102
Sadaasa 12/2018 (TOI)-Piriimar Liigii Itiyoophiyaa torban toorbaffaa oolmaa guyyaa lammaffaatiin taphoonni afur nigaggeeffamu. Galgala sa]aatii 12tti Qiddus Goorgis Hadiyyaa Hoosaa’inaa waliin Istaadiyeemii Yunivarsiitii hawaasaatti nitaphatu Liigichaan yeroo 16 kan mo’ate Qiddus Goorgis taphoota barana amma ammaatti gaggeesse shan keessaa afur yoo mo’atu yeroo tokko mo’ateera. Gareen kun qabxii 12’n sadarkaa lammaffaa qabateera. Morkataansaa Hadiyyaa Hoosaa’inaan taphoota liigichaa shan taphateen tokkoyyuu hin mo’anne. Yeroo lama mo’amee yeroo sadii wal qixa baheera. Hadiyyaa Hoosaa’inaan qabxii sadiin sadarkaa 17ffaa irra jira. Bunni Itiyoophiyaa guyyaa keessaa sa’aatii 9tti Madin Itiyoophiyaa waliin Istaadiyeemii Yunivarsiitii Hawaasaatti ni taphatu. Bunni Itiyoophiyaa taphoota liigichaa taphate shan keessaa tokko qofaa mo’ate. Yeroo sadii mo’amee yeroo tokko wal qixa baheera. Gareen kun qabxii afuriin sadarkaa 14ffaa qabateera. Madin Itiyoophiyaan taphoota afur taphateen yeroo tokko yoo mo’atu yeroo tokko mo’ameera. Yeroo lama wal qixa baheera. Galchii lama galche lama ammoo itti galeera. Madin taphni tokko osoo isa hafuu qabxii shaniin sadarkaa 11ffaarra jira. Sagantaawwan biroon guyyaa keessaa sa’aatii 7tti Yunivarsiitiin Walwaaloo Addigiraat magaalaa Hawaasaa, Baankiin daldala Itiyoophiyaa Walaayittaa Diichaa waliin guyyaa keessaa sa’aatii 10tti Istaadiyeemii Finfinneetti nitaphatu.
Dursaan Liigichaa Bunni Sidaamaa Maqalee sabaa Indartaa waliin ni taphata
Nov 20, 2025 147
Sadaasa11/2018(TOI)–Taphni piriimar liigii sababa waancaa Itiyoophiyaatiin addaan citee ture har’a sagantaa torban 6ffaan ni deebi’a. Yeroo ammaa Bunni Sidaamaa Maqalee sabaa Indertaa waliin Istaadiyeemii Magaalaa Finfinneetti tapachaa jiru. Bunni Sidaamaa Liigichatti taphoota shan gaggeesseen yeroo Afur yoo injifatu yeroo tokko mo’ameera. Taphichaan galchii 9 yoo lakkoofsisu galchii sadii keessummeesseera. Garichi qabxii 12 liigicha dursee argameera. Morkataansaa maqaleesabandertaa liigichatti hanga ammaatti taphoota tokkoyyuu mo’achuu hin dandeenye. Yeroo sadii yoo injifatu yeroo lama wal-qixa addaan baheera. Galchii ja’aa yoo lakkoofsisu galchii 10n keessummeesseera. Maqalee sabandertaan qabxii lamaan sadarkaa 18ffaa qabatee sadarkaa gad-bu’aarratti argama. Sagantaa biroon Negellee Arsiin Magaalaa Adaamaa waliin guyyaa sa’aatii 10:00 Istaadiyeemii Yuunvarsiitii Hawaasaatti taphatu. Liigichatti Guddattuu haaraan nagallee Arsii taphoota shan gaggeesseen yeroo lama yoo Injifatamu yeroo sadii qabxii qooddateera. Garichi taphichaan galchii lama yoo lakkoofsisu galchii 4 keessummeesseera. Negellee Arsii taphoota shan keessaa qabxii sadii argachuun sadarkaa 15ffaa qabateera. Morkataansaa Magaalan Adaamaa gamasaan bara dorgommichaatti taphoota shan gaggeesse keessaa 2 yoo injifatu yeroo 3 qixaan adda deebi’eera. Galchii lama yoo lakkoofsisu galchii tokkoyyuu hin keessummeessine. Garichi qabxii 9 sadarkaa 7ffaarra taa’eera. Sagantaa piriimer liigii Itiyoophiyaa torban 6ffaan hanga sadaasa 13 bara 2018 ni tura.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Misoomni qarqara lageenii magaalichaa nageenyi lageenii akka eegamu gahee olaanaa bahachaa jira
Nov 20, 2025 173
Sadaasa 11 /2018(TOI)-Misoomni qarqara lageenii magaalaa Finfinnee bakka aara galfii fi iddoo bashannnanaan dabalatatti, nageenyi lageenii akka eegamu gochuu keessatti gahee olaanaa taphachaa jiraachuu jiraattonni magaalichaa Tajaajila Oduu Itiyoophiyaatti himaniiru. Magaalattii keessatti balfi dhangala’oowwaniin faalame lageenitti gadhiifamuun lageen faalaa turaniiru. Kunis lageen magaalattii jiraattotaaf, lubbu qabeeyyiif akkasumas biqilootaaf faayidaa kennuun ala, akka sodaatti ilaamaa turani. Miidhaawwan kunneen hambisuuf, magaalittiin misooma koriidaraa jalqabdeen, lageen kanaan dura akka sodaatti ilaalaman yeroo ammaa nageenyi isaanii eegamee bakka bashannaa ta’aniiru. Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa hawaasa naannoo qarqara lageenii bashannanan dubbiseen, misoomni qarqara legeenii kanaan dura sodaa hawaasaa ture yeroo ammaa bakka aara galfii fi bakka bashannanaa ta’uun dabalatatti miidhagina magaalittiif shoora olaanaa bahachaa jiraachuu himaniiru. Obbo Marsaa Baqqalaa fi obbo Girmaayee Fissahaa turtii TOI waliin taasisanin akka jedhanitti, misoomni qarqara lageenii kanaan dura lageen bakka itti balfi gatamu ta’uu fi karaa sana darbuunuu rakkisaa ture wayita ammaa garuu misoomee arguun hedduu kan isaan gammachiise ta’uu dubbataniiru. Misoomni koriidaraa qarqara lageenii kunniin magaalaa Finfinnee miidhagduu akkuma maqaashee taasisaa jiraachuu eeraniiru. Hojiin misooma koriidaraa, kun lageenii fi naannoo isaanii miidhagsuu fi qulqulluu taasisuu qofa osoo hin taanee, muuxannoo fi dandeettii Itiyoophiyaanonni kunuunsaa fi eegumsa naannoo irratti qaban kan mul’ise ta’uu kan ibsan immoo Gaaddisaa Waaqjiraadha. Misooma koriidaraa qarqara lageeniin, bakkeewwan bashannanaa mijatoo hedduun daa’immanii fi dargaggootaaf oolan ijaaramaniiru kan jedhan immoo dargaggoo Solomoon Daawitii fi Abdii Malkaamuudha. Bakki bashannanaa kun yeroo keenya bakka hin taanetti akka hin dabarsineef nu gargaaruun, qilleensa qulqulluu afuura baafachaa, gammachuu guddaa argachuuf carraa nuuf baneera jedhan.
Biqiloota Sagantaa Ashaaraa Magariisaan Ganna darbe dhaabne kunuunsaa jirra-Qonnaan bultoota
Nov 18, 2025 183
Sadaasa 9/2018(TOI)-Biqiloota Sagantaa Ashaaraa Magariisaan Ganna darbe dhaaban kunuunsaa jiraachuu qonnaan bultoonni Godina Shawaa Lixaa himan. Qonnaan bultoonni kunniin biqiloota sagantaa Ashaaraa Magariisaan dhaaban irraa faayidaa hedduu argachaa jiraachuu himuun, kunuunsa isaa irrattis xiyyeeffannoon hojjecha jiraachuu dubbataniiru. Qonnan bultoonni aanaa Calliyaa obbo Asfawuu Dinquu fi obbo Fayisaa Qananii, waggoottan darban Sagantaa Ashaaraa Magariisaan biqiloota dhaabuun isaanii lafa qullaa hafee ture damdamachiisuun dabalatatti, oomishaa fi oomishtummaa isaanii kan dabale ta’uu Tajaajila Oduu Itiyoophiyaatti himaniiru. Kanaan dura lafti qonnaa isaanii biyyeen lolaan dhiqamee manca’aa ture, wayita ammaa garuu furmaata argachuu dubbataniiru. Yeroo ammaa kanattis midhaan dheedhii adda addaa oomishaa jiraachuu eeruun qonnaan bultoonni kunnin, biqiloonni sagantaa Ashaaraa Magariisaan dhaabaman gabbina biyyee dabaluun, miidhagina naannoofis shoora olaanaa bahachuu dubbataniiru. Kanaan dura osoo sagantaan Ashaaraa Magariisaa hin eegalamiin dura, roobni waktiisaa eegee hin roobu ture; amma garuu roobni waqtiisaa eegee akka roobuu fi roobni waktii malee roobees balaa akka hin geessifne nu gargaaruun oomishaa fi oomishtummaa keenya dabaleera jedhan qonnaan bultoonni kunniin. Qonnaan bultoonni kunniin hawaasa naannoo isaanii hirmaachisuun, hojii kunuunsa biyyee, daagaa hidhuu hojjetaniinii fi kunuunsa biqiloota dhaabamaniif taasisaniin jijjiirama fidaa jiraachuu himaniiru. Itti aanaa bulchaa aanaa Calliyaa fi hogganaan Waajjira Qonnaa fi Bulchiinsa Lafaa aanichaa, obbo Hinnahuu Tashoomaa akka jedhanitti, hojii misooma magariisaa godinicha keessatti hojjetamaa jiru keessatti hirmaannaan hawaasaa guddachaa kan dhufe ta’uu ibsaniiru. Aanichatti sagantaa Ashaaraa Magariisaan biqiloonni dhaabaman, kunuunfamaa jiraachuu dubbataniiru. Aanichatti erga sagantaan dhaabbii biqilootaa Ashaaraa Magariisaan eegalamee as qabeenyi uumamaa naannoo sanaa miidhagee, haalli qillensaa toluun dabalatatti qonnaan bultoonnis oomishaa fi oomishtummaan isaanii dabaluu himaniiru. Sagantaa misooma Ashaaraa Magariisaa aanicha keessatti adeemsifameen, biqiltuuwwan biyya keessaa dhaabuun, dabalatatti biqiloota soorataaf oolan kanneen akka maangoo, muuzii, avokaadoo fi buna dhaabuun qonnaan bultoonni faayidaa olaanaa irraa argachaa jiraachuu eeraniiru obbo Hinnahuun.
Itiyoophiyaan yaa’ii haala qilleensaa Dhaabbata Mootummoota gamtoomanii (Cop-32) akka keessummeessitu filatamuunshee Itiyoophiyaa fi Afriikaaf seenaa qabeessadha- Dura taa’aa Komishinii Gamtaa Afriikaa
Nov 15, 2025 165
Sadaasa 6/2018(TOI)- Itiyoophiyaan yaa’ii haala qilleensaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (Cop-32) akka keessummeessitu filatamuunshee Itiyoophiyaa fi Afriikaaf seenaa qabeessa jechuun Durataa’aan Komishinii Gamtaa Afriikaa Mahaammud Alii Yusuuf ibsan. Durataa’aan kun Itiyoophiyaan yaa’ii haala qilleensaa Dhaabbata Mootummoota gamtoomanii (Cop-32) akka keessummeessitu filatamuusheen ergaa baga Gammaddanii dabarsaniiru. Murtichi Ityoophiyaa fi Afriikaaf seenaa qabeessa ta’uu dura taa’aan kun ibsuun, kunis kutannoo hin jijiiramne tarkaanfii Afriikaan jijjiirama haala qilleensaaf qabdu argisiisa jedhaniiru. Itiyoophiyaan karaa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin qooda hoggansa haala jijiirama qilleensaa qabdu ajaa’ibsiifataniiru. Itiyoophiyaan bosona hedduu deebisanii misoomsuu fi Ashaaraa Magariisaa dabalatee tarkaanfiiwwan eegumsa naannoo cimaa fudhachaa jiraachuu ibsaniiru. Itiyoophiyaan Taateewwan Idil-Addunyaa milkaa’inaan keessummeessuun humna dilbii qabaachuushee kaasuun yaa’iiwwan Ardii fi Idil-Addunyaa gurguddoo keessummeessuuf dhaabbatummaa cimaa fi muuxannoo qabdi jedhaniiru. Teessoo Gamtaa Afriiklaa fi Gidduugala Dippiloomaatii Addunyaa kan taate magaalaan Finfinnee yaa’icha akka keessummeessitu filatamuunshee qooda tumsa Gidduugala Idil-Addunyaatti Qabdu Caalaatti akka Guddisuus Ibsaniiru. Komishinichi Itiyoophiyaa, hammattoo jijjiirama haala qilleensaa dhaabbata mootummoota Gamtoomanii (UNFCCC) fi deeggartoota waliin ta’uun (Cop-32) hunda hirmaachisaa fi bu’aa qabeeessa gochuun xiyyeeffannoo duraa haala jijiirama qilleensa Afriikaa caalaatti tarkaanfachiisuu fi Tumsa Idil- Addunyaa cimsuuf dhiheenyatti akka hojjetu ibsuusaanii Gamtichi odeeffannoo TOI’f ergeen ibseera. Yaa’iin haala Qilleensaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 32ffaan (cop-3o) Biraazil Belemittigaggeeffamaa jiruun Itiyoophiyaan A.L.A bara 2027 gaggeeffamu (cop-32) akka keessumeessitu filatamteetti. Biyyoonni Afriikaa (COP-32) Itiyoophiyaatiif feedhii keessummeessuuf deeggarsasaanii guutuu kennuunsaanii ni yaadatama.
Itiyoophiyaan jijjiirama haala qilleensaarratti bu’aa tarkaanfii waloo jajjabeessu fiduuf kutannoo qabdi-Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Nov 14, 2025 173
Sadaasa 5/2018 (TOI)- Itiyoophiyaan waltajjii Koop 32 irratti jijjiirama haala qilleensaarratti bu’aa tarkaanfii waloo jajjabeessu fi qabatamaa fiduuf kutannoo akka qabdu ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad mirkaneessan. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniirratti dabarsaniin, Itiyoophiyaan Koop 32 akka keessummeessitu hawaasni Addunyaa itti gaafatama guddaa waan nuuf kenneef kabajni nutti dhagahama jedhaniiru. Afriikaan bara 2025 konfaransii jijjiirama haala qilleensaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii (Koop 30) Biraazil irratti sagalee tokkoon dubbatteetti, Addunyaanis ishee dhaggeeffateera jedhaniiru. Bakka bu’oota biyyoota Afriikaa gaaffii Itiyoophiyaan akka lakkoofsa faranjootaatti bara 2027 Finfinneetti Koop 32 keessummeesuuf gaafatte guutummaatti deeggaran galateeffataniiru. Rakkoowwan Jireenya namaa keessatti baay’ee barbaachisan keessaa tokko furuun akka danda’amu tattaaffii waloo gaggeessuuf carraa waan arganneef ni galateeffanna jedhaniiru. Hawaasni addunyaa itti gaafatama guddaa kana waan nuu kenneef kabajni nutti dhagahama jedhan Ministirri muummee. Beekamtii kana kutannoo cimaa Itiyoophiyaan haala qilleensaarratti qabdu, hooggansaa fi qophiilee idil addunyaa ijoo keessummeessuuf dandeettii dilbii qabdu agarsiisa jechuun cimsanii ibsaniiru. Kanaaf waltajjiin koop 32 Itiyoophiyaan keessummeessitu jijjiira haala qilleensaarratti tarkaanfii waloo kan jajjabeessu bu’aa cimaa fi qabatamaa fiduuf guutummaatti kutannoo akka qabdu mirkaneessaniiru.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 52
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan. Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru. Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru. Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.
Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifama
Dec 7, 2024 9050
Sadaasa 27/2017(TOI) - Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu Humni Elektiriikii Itoophiyaa beeksise. Har'a galgala kana tasgabbii dhabuu sistamaatiin rakkoo mudateen guutuu biyyattiitti humni elektirikii addaan citeera. Rakkoo kana hiikuufi humnicha deebisuuf buufatalee maddoota humnaafi raabsaatti tattaaffiin olaanaa taasifamaa jira. Rakkoo umame Humni Elektiriikii Itoophiyaa hiikee hanga bakkasaatti deebisutti obsaan akka nu eegdan kabajaan gaafachaa, odeeffannoowwan jiran hatattaamaan kan isiniin biraan geenyu ta'a jechuun Tajaajilli Elektiriikii Itoophiy karaa miidiyaa hawaasummaa isaa beeksiseera.