Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Miidhaa dubartootaafi daa'imman irra gahu hanbisuuf, qindoomina qaamolee haqaafi hawaasa maraa gaafata
Nov 25, 2026 13
Sadaasa 16/2019(ENA): Miidhaa dubartootaarra gahu hambisuuf waggaa waggaadhaan guyyaan riibaanii adii addunyaa ni kabajama.Bara kanas Ayyaanni riibaanii adii akka addunyaatti yeroo 35ffaaf kan kabajamu yoo ta’u, akka Naannoofi Biyya keenyatti ammoo yeroo 21ffaaf kabajama. Guyyaa har’aas sadarkaa Naannoo Oromioyaatti yeroo 21ffaa mata duree "Miidhamtootaaf haqa, warra yakka raawwateef gaafatamummaa dubartootaafi shamarraniif nageenya" jedhuun kabajamu sababeeffachuun miidhaa dubartootaarra gahu ittisuuf sosochiin guyyoota 16f turu eegalameera. Sosochii guyyoota 16 turu sababeeffachuunis guyyaa har’aa qooda fudhattoota hirmaachisuun mariin paanaalii gaggeeffameera.Sagantaa kanarratti barreeffamni qorannoo Miidhaa Koorniyaa irra gahu ittiisuu irratti xiyyeeffatu dhiyaachuudhaan hirmaattotaan irratti mariin gaggeeffameera.   Biiroo Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaa Oromiyaatti Daarektarri Daarektoreetii Gahoominaafi Sosochii Dubartootaa Aadde Shawaaharag Simee kaayyoon sosochii kanaa qooda fudhattootaa garaa garaa waliin ta’uun hawaasa bal'aa biratti hubannoo uumun miidhaa qaqqabu hambisuuf ta’uu ibsaniiru. Ayyaana riibaanii adii kabajamu sababeeffachuunis Miidhaa koorniyaa qaqqabu ittisuuf guyyoota 16 itti aananiif qindoomina qooda fudhattootaan sosochiin kan taasifamu ta’uus ibsameera. #Mootummaa Ida’amuu #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa Miseensa Maatii Miidiyaa Dijiitaalaa ENA ta’aa https://www.ena.et/web/links
Qulqullinnii fi miidhaginni magariisaa Finfinnee magaalaa ammayyaa Afriikaa keessatti ijaaruuf muuxannoo guddaadha
Nov 25, 2026 21
Sadaasa 16/2019(ENA)- Qulqullinnii fi miidhaginni magariisaa Finfinnee magaalaa ammayyaa ijaaruu fi fayyaa hawaasaa eeguuf biyyoota Afriikaa biroof muuxannoo guddaa ta’uu hirmaattonni yaa’ii fayyaa hawaasaa Afriikaa idil addunaa 5ffaa ibsan. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad yaa’ii fayyaa hawaasaa Afriikaa idil addunyaa 5ffaa (CPHIA 2026) Sadaasa 24 amma 18 bara 2019tti gaggeeffamu ifatti banuunsaanii ni beekama. Yaa’ii Finfinnee wiirtuu konveenshinii idil addunyaa Addisitti gaggeeffamurratti namoonni biyyoota 100 ol irraa dhufan kuma 30 ol hirmaachaa jiru. Yaa’iin Fayyaa Afriikaatti sadarkaa Ardiitti guddaa ta’e oolmaa guyyaa lammaffaa kaleessaatiin mata duree “qophaa’ummaa ardii, dandeettii ittisuu fi deebii kennuu dhaabbatummaa gochuu” jedhuun waltajjiin marii gaggeeffameera. Hirmaattota keessaa Senegaalirraa kan dhufan Sheyik Siidiiyaa Gayee ENAtti akka himanitti, yaa’ichi birmadummaa fayyaa hawaasaa ardichaa mirkaneessuuf dandeettii guddaa uuma. Qulqullinni, miidhaginnii fi nageenyi daandilee Finfinne qalbii kan nama hawatu miidhagaa ta’uu ibsaniiru. Biyyoota Afriikaa hedduu arguusaanii fi kan akka Finfinnee kan isaan raajeffachiise akka hin jirre, biyyoota Afriikaa biroof muuxannoo akka ta’u dubbataniiru. Naayijeeriyaarraa kan dhufan Dr. Ruut Saaboo gamasaaniin, Finfinneen yeroo gabaabaa keessatti jijjiiramuunshee bu’aa dinqisiisaa ta’uu ibsaniiru. Magaalattiin jijjiirama kanarra gahuusheef kutannoo agarsiisaniif ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad fi mootummaasaanii galateeffataniiru. Misoomni magariisaa Finfinnee,tarkaanfiin imaammataa fi itti fayyadamnii fi akkaataan pilaastikni itti dhabamsiifamu fi bu’uraaleen misoomaa Itiyoophiyaan galmi haala qilleensaa idil addunyaa akka milkaa’u kutannooshee kan agarsiisudha jedhaniiru. Bifni magaalaa Finfinnee nageenya teessuma lafaa magaalota Afriikaa hedduuf barumsa guddaa kan dabarsudha kan jedhan ammoo Naayijeeriyaarraa kan dhufan Dr.Efosa Ezam jedhamu. Bakka qulqulluu jiraachuun jireenya fayyaa ummataaf gonfachiisuurra darbee hawaasni jireenya gaarii akka jiraatua, akka badhaahduu fi bu’aa fooyya’aa akka galmeessisu kan gargaaru ta’uu dubbataniiru. Ijaarsi magaalaa Finfinnee biyyoota Afriikaa biroof barumsa guddaa akka ta’u dubbataniiru.
Itoophiyaan buufata galaanaa qabaachuun ishee guddina dinagdee fi tumsa naannootiif bu’uura dha – Hayyoota
Nov 25, 2026 32
Sadaasa 16/2019 (ENA): Galaana Diimaa fi daandiiwwan daldala idil-addunyaa waliin walitti dhufeenya seenaa bara dheeraa kan qabdu Itoophiyaan, misooma biyyaalessaa fi tumsa naannoo isheef qaqqabummaa buufata galaanaa amanamaa ta’e mirkaneessuun gahee bakka bu’aa hin qabne qabaachuu hayyoonni ENA waliin turtii taasisan himaniiru. Waggoota kurnan sadan darbaniif buufata galaanaan ala ta’uun ishee daldala al-ergii fi galtee akkasumas baasii loojistikii irratti dhiibbaa cimaa uumaa kan ture yoo ta’u, kunis baay’ina ummataa fi dinagdee saffisaan guddachaa jiruuf balaa tarsiimoo waan ta’eef, biyyattiin qajeelfama kennuu fi fudhachuu fi faayidaa waloo irratti hundaa’uun buufata galaanaa argachuun biyyoota ollaa waliin walitti hidhaminsa naannoo fi badhaadhina waloo guddisuuf carraaqqii bal’aa taasisaa jirti.   Yunivarsiitii Jimmaatti Barsiisaa fi Qorataan Bulchiinsa Seenaa fi Hambaalee Gargaaraa Piroofeesar Yunaas Seefuu akka jedhanitti, hariiroon seenaa Itoophiyaan Galaana Diimaa, Galoo Galaana Aden, Galaana Hindii fi Meditiraaniyaanii waliin qabdu ajandaa siyaasaa ammayyaa bira darbee wiirtuu daldala durii turuu ishee agarsiisa. Dogongorri seenaa raawwatame filannoowwan buufata galaanaa Itoophiyaa daangessus, yeroo ammaa filannoowwan nagaa fi dippilomaasii qajeelfama ijoo taasisuun, dhaabbilee idil-addunyaa fi ardiilee hirmaachisuun bu’uuraalee daangaa qaxxaamuraa babal’isuun murteessaa ta’uu hubachiisaniiru.   Yunivarsiitii Bulee Horaatti barsiisaa saayinsii siyaasaa fi hariiroo alaa kan ta’an Iddoosaa Dagafaa gama isaaniin, buufata galaanaa dhabuun baasii loojistikii fi geejjibaa olaanaa baasisuun gatii meeshaalee dabalaa fi dhiibbaa jireenyaa dabalataa lammiilee irratti uumaa jiraachuu ibsaniiru. Qaqqabummaa buufata galaanaa mirkaneessuun dinagdee Itoophiyaaf qofa osoo hin taane nageenya waloo fi walitti hidhaminsa diinagdee naannichaaf akka gumaachu eeruun, ga’ee nageenyaa fi dippilomaasii biyyattiin gaanfa Afrikaatti qabdu fayyadamtee nageenya galaanaa cimsuu fi shororkeessummaa fi sochii seeraan alaa ittisuuf akka gargaaru, akkasumas dhimmi kun marii karaa nagaa fi faayidaa waloo fi fedhii biyyoota ollaa tilmaama keessa galchuun furmaata argachuu akka qabu himaniiru. #Mootummaa Ida’amuu #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa Miseensa Maatii Miidiyaa Dijiitaalaa ENA ta’aa https://www.ena.et/web/links
Diijitaal Itiyoophiyaa: Imala Itiyoophiyaa Bu’urarraa Jijjiiraa Jiru
Nov 25, 2026 112
Imalli jijjiirama diijitaalaa Itiyoophiyaan dinagdee ammayyaa teeknooloojii fi kalaqa irratti hundaa’e ijaaruuf eegalte, yeroo ammaa kana saffisa olaanaa fi bu’aa qabatamaa ta’een gara fuulduraatti furgugga’aa jira. Tarsiimoo ‘Diijitaal Itiyoophiyaa’ jedhamu bu’uura godhachuun, akkasumas galmoota dinagdee diijitaalaa irratti xiyyeeffachuun hojiiwwan jalqabaman, kenniinsa tajaajilaa, sirna faayinaansii fi misooma humna namaa biyyattii bifa jijjiiraa jiru. Jijjiirama saffisaa kanaaf mootorri cimaan inni guddaan xiyyeeffannoo olaanaa fi kutannoo imaammataa mootummaan damee kanaaf kenneedha. Damee telekoomii dorgommiif banaa gochuurraa kaasee, hanga bu’uuraalee seeraa dinagdee diijitaalaatiif mijatoo ta’an raggaasisuutti tarkaanfiiwwan fudhataman, dhaabbileen dhuunfaa fi dhaabbileen teeknooloojii idil-addunyaa Itiyoophiyaa keessatti akka bobba’aniif balbala bananiiru. Bu’uuraalee misoomaa babal’isuun dhaqqabummaa intarneetii guddisuun immoo imala diijitaalaa kanaaf lafee dugdaa ta’ee tajaajilaa jira. Itiyoophiyaan mul’ata Afrikaa keessatti damee hubannoo namtolcheetiin (AI) adda duree ta’uuf qabdu dhugoomsuuf, Inistiitiyuutii hubannoo namtolchee Itiyoophiyaa hundeessuun ishii boqonnaa seenaa guddaadha. Inistiitiyuutichi damee qonnaa, fayyaa, faayinaansii fi nageenyaa irratti furmaatawwan teeknooloojii biyya keessaa misoomsuun jijjiirama qabatamaa fidaa jira. Milkaa’ina kana itti fufiinsaan mirkaneessuu fi damee kana beekumsa gadi fageenya qabuun hoogganuuf immoo, Yuunivarsiitii hubannoo namtolchee of danda’e hundeessuuf jalqabbii eegalamuun ishii, Itiyoophiyaan teeknooloojii kan fayyadamtuu qofa osoo hin taane, biyya teeknooloojii maddisiiftuu taatee dhaabbachuuf kutannoo qabdu agarsiisa. Teeknooloojiin humna namaa gahaa fi gahumsa qabu malee bu’a-qabeessa ta’uu hin danda’u. Kana kan hubate imalli Diijitaal Itiyoophiyaa, dargaggoota ogummaa diijitaalaa ammayyaatiin gahoomsuuf sochii bal’aa uumeera. Lammiilee miliyoonaan lakkaa’aman koodingii (coding), daataa saayinsii fi beekumsa diijitaalaa bu’uuraatiin leenjisuuf sagantaawwan biyyaalessaa jalqabaman adeemsa dhaloota sadarkaa idil-addunyaatti dorgomaa ta’e uumuu saffisiisaniiru. Bu’aan jijjiirama diijitaalaa jireenya guyyaa guyyaa lammiilee keessatti ifatti mul’achuu jalqabeera. Tajaajilli wiirtuu tokkoo "Masoob" lammiileen tajaajiloota mootummaa garaagaraa baaxii tokko jalatti, sirna si’ataa teeknooloojiidhaan deeggarame akka argatan kan taasisu yoo ta’u, biirookraasii hir’isuun kenniinsa tajaajila mootummaa ammayyeessaa jira. Sirnoonni daddabarsa maallaqaa moobaayilaa fi kaffaltii diijitaalaa kanneen akka Telebirrii fi filannoowwan diijitaalaa baankii biroo yeroo gabaabaa keessatti lammiilee miliyoonota fayyadamtoota sirna faayinaansii taasisaniiru. Bittaa fi gurgurtaan maallaqa callaa malee (Cashless) raawwatamuun baratamaa dhufuunsaa sochii daldalaa saffisaa, iftoomina qabuu fi hammataa taasiseera. Bu’uura dinagdee diijitaalaa kan ta’e waraqaan eenyummaa diijitaalaa biyyaalessaa ‘Fayidaa’, imala diijitaalaa Itiyoophiyaa keessatti gahee murteessaa bahachaa jira. Sirna odeeffannoo baayoomeetiriiksiitiin deeggarame, lammiileen tajaajila baankii, inshuraansii fayyaa, barnootaa fi tajaajiloota mootummaa haala amansiisaa fi salphaa ta’een akka argatan dandeessiseera. Saffisni hojiirra oolmaa, hammattummaanii fi sadarkaan teeknooloojii waraqaa eenyummaa diijitaalaa Fayidaa Itiyoophiyaa bira darbee biyyoota Afrikaa fi biyyoota guddinarra jiran biroof akka muuxannoo gaarii fi fakkeenyaatti sadarkaa eeramu irra gaheera. Sochiin waliigalaa Itiyoophiyaan damee teeknooloojiitiin jalqabde kun, biyyattii hojimaata duubatti hafaa keessaa baasuun, mul’ata Afrikaa keessatti fakkeenya dinagdee diijitaalaa ta’uuf qabdu yeroo gabaabaa keessatti akka dhugoomsitu ifatti agarsiisa.
Inishiyeetiiviin Misooma Ruuzii Oromiyaa fayyadamummaa diinagdee qonnaan bultootaa dabalaa jira.
Nov 25, 2026 70
Sadaasa 16/2019 (ENA) : Naannoo Oromiyaatti guddina dinqisiisaa galmeessisaa kan jiru Inishiyeetiiviin Misooma Ruuzii, oomisha biyya alaatii galfamu oomisha biyya keessaatiin bakka buusuu qofa osoo hin taane, fayyadamummaa dinagdee qonnaan bultootaas dabalaa jiraachuu Biiroon Qonna Naannichaa beeksise.   Itoophiyaan ruuzii biyya alaatii galchuun shara alaa hedduu baasaa turte. Garuu wayita ammaa biyya keessatti omishuun baasii sharafa alaa hir’isuu fi birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf Naannoon Oromiyaa lafa lalisaa fi qabeenya bishaanii jiru misoomaaf fayyadamuudhaan Inishiyeetiivii Misooma Ruuzii hojiirra oolchaa jira. Oomisha aadaa ruuzii lafa heektaara muraasa irratti babal’isuun galteewwan ammayyaa fayyadamuun naannicha gara wiirtuu oomisha ruuziitti jijjiiruuf kan kaayyeffate jalqabbii kun yeroo gabaabaa keessatti jijjiirama qabatamaa fidaa jira. Omishni ruuzii wabii nyaataa naannichaa mirkaneessuu bira darbee, qonnaan bultoonni hojii midhaan galii irraa argatan akka omishan taasiseera jedhan Hogganaan Kominikeeshinii Biiroo Qonnaa Naannoo Oromiyaa obbo Indaashaawuu Jamaanee.   Naannoon kun sirna haala qilleensaa mijaa’aa misooma ruuzii qabaatus, xiyyeeffannoon kennamuufii dhabuu irraa kan ka’e, hanga bara omishaa bara 2013/14tti lafti misoome heektaara kuma 16 akka hin caallee eeruun, kanarraas oomishni kuntaala kuma 805 qofa akka argame yaadachiisaniiru. Haa ta’u malee, mootummaan naannichaa yeroo ammaa kana naannoowwan bu’a qabeessa ta’anii fi misooma ruuziitiif mijatoo ta’an adda baasuun inisheetivii kana hojiirra oolchaa akka jiru ibsaniiru. Keessattuu Godinaalee Lixaa fi Kibba Lixa Oromiyaatti misoomni ruuzii babal’achaa akka jirus eeraniiru.   Naannichatti oomishaa fi oomishtummaa ruuzii guddisuuf galteewwan argaman fooyyessuu fi fayyadamummaa qonnaan bultootaa guddisuu bira darbee leenjiin hubannoo uumuu, deeggarsa ogummaa fi hordoffiin gaggeeffameera jedhan. Bara oomishaa 2017/18tti naannichatti misoomni ruuzii lafa heektaara miiliyoona 1.2 irraatti misoome ruuzii kuntaala miiliyoona 63 argamuu eeraniiru. Bara kana lafa heektaara miiliyoona 1.5 misoome keessaa hanga ammaatti ruuziin heektaara kuma 544 fi 607 irraa sassaabamuu ibsaniiru. #Mootummaa Ida’amuu #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa Miseensa Maatii Miidiyaa Dijiitaalaa ENA ta’aa https://www.ena.et/web/links
Kan mul'ate

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa
Raayyaa Ittisa Biyyaa: Gaachana Ummataa fi Birmadummaa
Nov 25, 2026 146
Seenaan bilisummaa, birmadummaa fi gootummaa Itiyoophiyaa achii as dhufaarraa kan barreeffamedha. Seenaa kana keessatti barootaaf ga'ee adda duree kan baha ture Raayyaa Ittisa Biyyaati. Kanaafi Raayyaan Ittisa Biyyaa dhuguma eegduu biyyaa jedhamee kan waamamu. Raayyaan ittisaa itti gaafatamummaa gootummaa dhalootaa gara dhalootaatti darbaa dhufe itti fufsiisuun, weerartoota alaa fi gantoota keessaa qolachuun, daangaa Itiyoophiyaa kabachiisuu akkasumas yeroo nagaa immoo ummata bira dhaabbachuun seenaa keessati kabaja gonfateera. Itiyoophiyaan seenaa ishii bara dheeraa keessatti weeraroota alaa fi qormaatilee hedduu dandamattee kan dhaabbattedha. Miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa fi gootonni durii lubbuu fi qaama isaanii utuu hin qusatiin aarsaa kaffaluun, humnoota alaa biyya jilbeeffachiisuuf ka'an qolachuun bilisummaa Itiyoophiyaa eegsisaniiru. Sochii gantoonni yeroo garaagaraatti diinota alaa wajjin walii galuun faayidaa fi kabaja biyyaa salphisuuf taasisanis Raayyaa Ittisa Biyyaatiin fashalaa'eera. Kana malees rayyaan kun daangaa biyattii halkanii guyyaa eeguun gaachana birmadummaa ta'ee har'a ga'ee jira. Gootummaan Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa kan madaalamu dirree waraanaa irratti qofa osoo hin ta'in, yeroo ummanni rakkatuu fi balaan nam-tolchee mudatees ummataa waliin dhaabbachuun seenaa ajaa'ibaas kan qabudha. Lolaan, hongeen ykn taateewwan uumamaa biroo yeroo mudatan raayyaan kun hojii lubbuu baraaruu, deebisanii ijaaruu fi deeggarsa kennuu raawwachaa tureera. Sababoota garaagaraan nageenyii fi tasgabbiin ummataa yeroo qoramu nagaa ummataa eegsisuu fi jireenyi guyyaa guyyaa akka itti fufu gochuuf adda durummaan hiriireera. Kuni hundi Raayyaan Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa uummataaf kan jiraatu ta'uu isaa kan agarsiisudha. Injifannoowwan dinqisiisoo fi qabsoon birmadummaa kabachiisuuf Raayyaan Ittisa Biyyaa seenaa isaa keessatti galmeessise milkaa'aa kan godhe sababni guddaan hojmaata walooti. Keessattuu humni duula addaa akkasumas walitti hidhamiinsi Humna qilleensaa fi Humni Lafoo iddoo addaa kan kennamuuf utubaalee murteessoodha. Kutaan Raayyaa Ittisa Biyyaa duula addaa mandhee diinota tarsiimawoo rukutuun, sararoota ajajaa fi dhiyeessii diinaa adda kutuu akkasumas bakkeewwan rakkisoo qulqulleessuu keessatti gahee murteessaa bahata. Humni Lafoo ammoo bu'uura jabaa adda waraanaa ta'ee yeroo socho'u, humni qilleensaa ammoo deeggarsa qilleensa irraa, odeeffannoo sakatta'insaa fi tarkaanfii haleellaa sirrii fudhachuun gaachana ummataa fi biyyaa ta'aniiru. Raayyaan Ittisa Biyyaa daangaa biyyaarra darbee waltajjii addunyaa irrattis maqaa guddaa gonfateera. Ergamoota nageenya kabachiisuu Mootummoota Gamtoomanii fi Gamtaa Afrikaa keessatti hirmaachuun biyyoota garaagaraa keessatti nagaa buusuu, lubbuu lammiilee baraaruu fi ytasgabbiin akka dhufu gumaacha olaanaa baheera. Hirmaannaan kun kutannoo Itiyoophiyaan nageenya addunyaatiif qabduu akkasumas naamusaa fi gahumsa raayyaa kanaa ifatti kan mul'isudha. Yeroo dhihoottis Raayyaan Ittisa Biyyaa kaaba Itiyoophiyaatti gantoonni ergama alaa fudhachuun waraana biyya irratti banan qolachuun gootummaa fi eegduu birmadummaa ta'uu isaa ifatti agarsiiseera. Raayyaan kun qabsoo qindaa'aa fi kutannoo qabuun birmadummaa biyyaa fi tokkummaa ummataa kabachiisuun qormaatilee irra darbuu akka danda'u mirkaneessaa itti fufeera. Seenaan gootummaa Raayyaa Ittisa Biyyaa durii kaasee hanga har'aatti waadaa biyya eeguuf kennameef dhiigaan barreessaa jiraachuu agarsiisa. Kabajni Raayyaa Ittisa Biyyaa fuula seenaa duratti qabu yaadannoo kaleessaa qofa utuu hin ta'in ulfina har'aa fi abdii borii ta'ee itti fufa.
Itiyoophiyaan qaamonni Sudaan hundi haal duree tokko malee gara mariitti akka dhufan waamicha taasifti-Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Nov 24, 2026 285
Sadaasa 15 /2019 (ENA)-Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad, waraana Sunaan waggoora afura lakkoofsise dhaabsisuu fi furmaata waaraa fiduuf akeeke humnoota siyaasaa, loltummaa fi siviiliif waamicha nageenyaa ifatti dhiheessan. Itiyoophiyaan lammiileen Sudaan fedhiisaaniin waltajjii marii hunda galeessa nageenya waaraa itti nidan keessummeessuu fi mijeessuuf qophii ta’uushee ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad mirkaneessaniiru. Ministirri muummee ergaa dabarsaniin, lammiileen Sudaan carraasaanii egeree kan ittiin murteessan waltajjii marii hunda galeessa qopheessuu fi gaggeessuuf Itiyoophiyaan qophii ta’uushee ibsaniiru. Itiyoophiyaa fi Sudaan obbolimmaa daangaa cehe, walitti hidhaminsa hawaasummaa fi aadaa akkasumas hariiroo seena qabeessa walitti hidhaminsa dhalootaarra dhaabate akka qaban ibsaniiru. Waraanni, manca’insii fi hiraarsi namoomaa Sudaan keessatti ta’aa jiru sammuu ummata Itiyoophiyaa kan tuqu ta’uu ministirri muummee ibsaniiru. A.L.A bara 2023 erg waraanichi eegalee kaasee Itiyoophiyaan waraanicha dhaabsisuuf carraaqqii garagaraa gochaa turuushee yaadachiisaniiru. Carraaqqiin kun waqtii cehumsaa A.L.A bara 2019 tureen siviilii fi qaamolee loltuu jidduutti walii galteerra akka gahamu shoora adda duree Itiyoophiyaan bahatteen kan itti fufe ta’uu eeraniiru. Wayita sanatti waraanicha dhaabsisuu fi nageenya waaraa fiduuf, waltajjii mootummaan Itiyoophiyaa qopheessuu fi deeggaruun qaamolee loltuu, siyaasaa fi siviilii dabalatee qaamoleen Sudaan hundi akka hirmaatan waamichi dhihaachuu beeksisaniiru. Kaayyoon nagaeenyaa kun ummata Sudaaniif nageenyi waaraan akka dhufu akkasumas Sudaan badiirraa baraaruuf ta’uu hubachiisaniiru. Itiyoophiyaan loogii tokko malee lammiileen Sudaan baasii fi dhiibbaa tokko malee garaagarummaasaanii walii galteen akka furan marii iftoomaa fi wal kabajuun keessatti mul’atu mijeessuuf qophii ta’uushee mirkaneessaniiru. Galmi marii kanaa waraana dhaabsisuun lammiileen Sudaan hundi mo’ataa akka ta’an gochuuf ta’uu ibsaniiru. Carraan egeree Sudaan lammiilee Sudaanii qofa kan murteeffamu ta’uu cimsanii kaasaniiru. Haala Kanaan hawaasni idil addunyaa, biyyoonni michuu fi dhaabbileen naannoo gidiraa buqqaatotaa fi miidhamtootaa hambissuuf carraqqii namoomaa taasifaman akka cimsan Itiyoophiyaan ni gaafatti jedhaniiru. Itiyoophiyaan milkaa’ina kaka’umsa nageenyaa kanaaf dandeettii dippilomaasii fi hariiroowwan idil addunyaa guutummaatti fayyadamuuf qophii ta’uushee mirkaneessaniiru. Tasgabbiin Sudaan nageenya gaanfa Afriikaaf murteessaa ta’uu eeraniiru. Qaamoleen Sudaan hundi biyyasaaniif dursa kennuun itti gaafatama fudhachuun waamicha kanaaf deebii gaarii akka deebisan Itiyoophiyaan abdii guutuu akka qabdu ministirri muummee ibsaniiru.
Barreessaan olaanaa mootummoota gamtoomanii Antooniyoo Gutareez  Obbo Dammaqaa Mokonnin miseensa dursaa garee sosochii babal’isa nyaata madaalawaa idil addunyaa(SUN)  gochuun muudan
Nov 21, 2026 554
Sadaasa 12/2019 (ENA)- Barreessaan olaanaa mootummoota gamtoomanii Antooniyoo Gutareez hundeessaa fi dura taa’aa boordii faawundeeshinii Yeyaadaam obbo Dammaqaa Mokonnin miseensa dursaa garee sosochii babal’isa nyaata madaalawaa idil addunyaa gochuun muudaniiru. Muuxannoo fi hooggansi obbo Dammaqaa hojii garee dursaaf akkasumas milkaa’ina galmoota sosochichaaf gumaacha akka taasisudubbataniiru. Obbo Dammaqaan gumaacha damee wabii nyaataa fi dhiyeessii nyaata madaalawaa irratti taasisaniif beekamtii kennuudhaani. Muudamni obbo Dammaqaa Sadaasa bara 2019 amma Sadaasa 2021tti akka turu beeksisaniiru. Gareen hoggansaa sochichaa biyyoota miseensa 67 fi naannolee Hindii afur karoora biyyaalessaa wabii nyaataa fi sirna nyaata madaalawaa isaanii akka milkeessan deeggarsa, qajeelfama tarsiimawaa fi hordoffii ni kenna. Muudamni kun sochichi bu’uura tarsiimawaa A.L.A bara 2026–2030 hojiirra oolchuu yeroo jalqabuutti kan kenname yoo ta’u, bu’uura tarsiimawaa kun sirna oomishaa fi dhiyeessii nyaataa fooyyessuu, jijjiirama qilleensaa dandamachuu akkasumas biyyoota walitti bu’iinsaa fi rakkoo keessa jiraniif deeggarsa cimsuu irratti xiyyeeffata. Barreessaan Olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutareez, walitti bu’iinsi, dhiibbaan jijjiirama qilleensaa fi deeggarsi misoomaa hir’achaa dhufuun keessumaa biyyoota saaxilamoo ta’an keessatti wabii nyaataa fi nyaata madaalawaa irratti dhiibbaa guddaa geessisaa jiraachuu ibsaniiru. Rakkoolee kana dandamachuuf biyyoota giddugaleessa godhachuun, qaamolee dhimmi ilaallatu hedduu hirmaachisuun hojjechuun murteessaa ta’uu hubachiisaniiru. Muudamni Obbo Dammaqaa Mokonnin kun sadarkaa olaanaa fi dhageettii dippilomaasii Itoophiyaan sadarkaa idil-addunyaatti qabdu kan agarsiisudha.

Hawaasummaa
Miidhaa dubartootaafi daa'imman irra gahu hanbisuuf, qindoomina qaamolee haqaafi hawaasa maraa gaafata
Nov 25, 2026 13
Sadaasa 16/2019(ENA): Miidhaa dubartootaarra gahu hambisuuf waggaa waggaadhaan guyyaan riibaanii adii addunyaa ni kabajama.Bara kanas Ayyaanni riibaanii adii akka addunyaatti yeroo 35ffaaf kan kabajamu yoo ta’u, akka Naannoofi Biyya keenyatti ammoo yeroo 21ffaaf kabajama. Guyyaa har’aas sadarkaa Naannoo Oromioyaatti yeroo 21ffaa mata duree "Miidhamtootaaf haqa, warra yakka raawwateef gaafatamummaa dubartootaafi shamarraniif nageenya" jedhuun kabajamu sababeeffachuun miidhaa dubartootaarra gahu ittisuuf sosochiin guyyoota 16f turu eegalameera. Sosochii guyyoota 16 turu sababeeffachuunis guyyaa har’aa qooda fudhattoota hirmaachisuun mariin paanaalii gaggeeffameera.Sagantaa kanarratti barreeffamni qorannoo Miidhaa Koorniyaa irra gahu ittiisuu irratti xiyyeeffatu dhiyaachuudhaan hirmaattotaan irratti mariin gaggeeffameera.   Biiroo Dhimma Dubartootaafi Hawaasummaa Oromiyaatti Daarektarri Daarektoreetii Gahoominaafi Sosochii Dubartootaa Aadde Shawaaharag Simee kaayyoon sosochii kanaa qooda fudhattootaa garaa garaa waliin ta’uun hawaasa bal'aa biratti hubannoo uumun miidhaa qaqqabu hambisuuf ta’uu ibsaniiru. Ayyaana riibaanii adii kabajamu sababeeffachuunis Miidhaa koorniyaa qaqqabu ittisuuf guyyoota 16 itti aananiif qindoomina qooda fudhattootaan sosochiin kan taasifamu ta’uus ibsameera. #Mootummaa Ida’amuu #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa Miseensa Maatii Miidiyaa Dijiitaalaa ENA ta’aa https://www.ena.et/web/links
Qulqullinnii fi miidhaginni magariisaa Finfinnee magaalaa ammayyaa Afriikaa keessatti ijaaruuf muuxannoo guddaadha
Nov 25, 2026 21
Sadaasa 16/2019(ENA)- Qulqullinnii fi miidhaginni magariisaa Finfinnee magaalaa ammayyaa ijaaruu fi fayyaa hawaasaa eeguuf biyyoota Afriikaa biroof muuxannoo guddaa ta’uu hirmaattonni yaa’ii fayyaa hawaasaa Afriikaa idil addunaa 5ffaa ibsan. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad yaa’ii fayyaa hawaasaa Afriikaa idil addunyaa 5ffaa (CPHIA 2026) Sadaasa 24 amma 18 bara 2019tti gaggeeffamu ifatti banuunsaanii ni beekama. Yaa’ii Finfinnee wiirtuu konveenshinii idil addunyaa Addisitti gaggeeffamurratti namoonni biyyoota 100 ol irraa dhufan kuma 30 ol hirmaachaa jiru. Yaa’iin Fayyaa Afriikaatti sadarkaa Ardiitti guddaa ta’e oolmaa guyyaa lammaffaa kaleessaatiin mata duree “qophaa’ummaa ardii, dandeettii ittisuu fi deebii kennuu dhaabbatummaa gochuu” jedhuun waltajjiin marii gaggeeffameera. Hirmaattota keessaa Senegaalirraa kan dhufan Sheyik Siidiiyaa Gayee ENAtti akka himanitti, yaa’ichi birmadummaa fayyaa hawaasaa ardichaa mirkaneessuuf dandeettii guddaa uuma. Qulqullinni, miidhaginnii fi nageenyi daandilee Finfinne qalbii kan nama hawatu miidhagaa ta’uu ibsaniiru. Biyyoota Afriikaa hedduu arguusaanii fi kan akka Finfinnee kan isaan raajeffachiise akka hin jirre, biyyoota Afriikaa biroof muuxannoo akka ta’u dubbataniiru. Naayijeeriyaarraa kan dhufan Dr. Ruut Saaboo gamasaaniin, Finfinneen yeroo gabaabaa keessatti jijjiiramuunshee bu’aa dinqisiisaa ta’uu ibsaniiru. Magaalattiin jijjiirama kanarra gahuusheef kutannoo agarsiisaniif ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad fi mootummaasaanii galateeffataniiru. Misoomni magariisaa Finfinnee,tarkaanfiin imaammataa fi itti fayyadamnii fi akkaataan pilaastikni itti dhabamsiifamu fi bu’uraaleen misoomaa Itiyoophiyaan galmi haala qilleensaa idil addunyaa akka milkaa’u kutannooshee kan agarsiisudha jedhaniiru. Bifni magaalaa Finfinnee nageenya teessuma lafaa magaalota Afriikaa hedduuf barumsa guddaa kan dabarsudha kan jedhan ammoo Naayijeeriyaarraa kan dhufan Dr.Efosa Ezam jedhamu. Bakka qulqulluu jiraachuun jireenya fayyaa ummataaf gonfachiisuurra darbee hawaasni jireenya gaarii akka jiraatua, akka badhaahduu fi bu’aa fooyya’aa akka galmeessisu kan gargaaru ta’uu dubbataniiru. Ijaarsi magaalaa Finfinnee biyyoota Afriikaa biroof barumsa guddaa akka ta’u dubbataniiru.
Itoophiyaa: Fakkeenya Fayyaa Hawaasaa Afrikaa!
Nov 24, 2026 153
Fayyaan hawaasaa bu’uura jireenyaa, guddina dinagdee fi tasgabbii hawaasummaa biyya tokkoo ti. Lammiileen fayya-buleeyyii fi humna oomishaa cimaa qaban yoo jiraatan, biyyi tokko rakkoolee hawaasummaa fi dinagdee dandamachuun gara badhaadhinaatti saffisaan imalti. Gama kanaan, Itoophiyaan waggoottan dheeraaf tattaaffii cimaa taasifteetti; keessattuu bara jijjiiramaa asitti mootummaan Ida’amuu sirna fayyaa biyyattii bu’uura irraa haaromsuun, tajaajila fayyaa qulqulluu, haqa-qabeessaa fi dhaqqabamaa ta’e uummata biraan gahuuf xiyyeeffannoo addaa kenneera. Yaa’iin Fayyaa Hawaasaa Afrikaa 5ffaa (CPHIA 2026) teessoo dippiloomaasii Afrikaa kan taate magaalaa Finfinneetti gaggeeffamuun isaa, carraaqqii fi jijjiirama damee fayyaa Itoophiyaatiif beekamtii guddaa kan kennuu fi ardii Afrikaaf moodeela ta’uu ishee kan mirkaneessudha.   Sababoonni ijoon Itoophiyaan damee fayyaa hawaasaatiin ardii Afrikaaf fakkeenya olaanaa akka taatu taasisan imaammata ittisaa irratti xiyyeeffate, hirmaannaa hawaasaa cimaa fi kutannoo hoggansa jijjiiramaa mootummaa Ida’amuuti. Mootummaan Ida’amuu damee fayyaa akka utubaa guddina dinagdee fi hawaasummaatti ilaaluun, baajata guddaa ramaduu fi bu’uuraalee misoomaa fayyaa babal’isuu irratti hojii bal’aa hojjeteera. Sagantaan Eksiteenshinii Fayyaa yeroo ammaa wajjin akka deemuutti haaromfamuun, ogeeyyiin fayyaa hawaasaa gandaa hanga maatii tokko tokkootti gadi bu’anii hubannoo uumuu, qulqullina naannoo eeguu fi dhukkuboota dursanii ittisuurratti hojii boonsaa hojjechaa jiru. Hirmaannaan hawaasaa kun tajaajilli fayyaa mana namootaa bira akka ga’u taasiseera.   Dabalataanis, oomisha qorichaa fi meeshaalee yaalaa biyya keessatti guddisuun warshaalee haaraa babal’isuu, akkasumas tajaajila fayyaa dijitaalaa fi teeknooloojii ammayyaa hojiirra oolchuun, Itoophiyaan of danda’uu fi sirna fayyaa ammayyaa ijaaruu irratti fakkeenya addaa ta’uu dandeesseetti.   Bu’aawwan qabatamoon gama fayyaatiin mootummaa Ida’amuutiin galmaa’an baay’ee olaanaa, mul’ataa fi jireenya lammiilee kallattiin kan jijjiiranidha. Lakkoofsi hospitaalotaa, buufataalee fayyaa fi keellaawwan fayyaa naannoo baadiyyaa fi magaalaatti dachaa hedduun dabaluun, fageenya lammiileen yaala argachuuf deeman haalaan gabaabseera. Gama biraatiin, du’a haadholii fi daa’immanii hir’isuu irratti milkaa’inni seena-qabeessi argameera; kunis tajaajila da’umsaa hospitaalota keessatti babal’isuu, ambulaansota dhiyeessuu fi sagantaa talaallii daa’immanii bal’inaan cimsuun lubbuu haadholii fi daa’immanii hedduu baraaruun kan dhufedha. Akkasumas, Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa gandoota hunda keessatti babal’isuun lammiileen harka-qalleeyyiin sababa hanqina maallaqaatiin tajaajila yaalaa akka hin dhabne wabii cimaa uumeera. Kana qofa miti inshuraansiin fayyaa hawaasaa lammiileen kaffaltii waggaatti yeroo tokko qofa gatii madaalawaa kaffaluun yaaddoo tokko malee yaala akka argatan taasiseera. Yaalli isaan argatan kunis hanga sadarkaa olaanaa jechuun hanga hospitaalota gurguddoo biyyattiitti kan yaalamuu dandeessisudha. Kunis hawaasaaf boqonnaa sammuu olaanaa kennuun akka lammiileen hojii isaanii idilee irratti xiyyeeffatan taasisa. Gama biraatiin yaaddoon maallaqa hin qabu maaliinan yaalama kan jedhu hin jiru.   Dabalataanis, humna namaa baratee fi ispeeshaalistoota fayyaa baay’inaan horachuu, weerara dhukkuboota daddarboo to’achuu fi hospitaalota ispeeshaalaayizdii ammayyaa ijaaruun tajaajila yaalaa qulqullina olaanaa qabu kan duraan biyya alaa deemuun argamu biyya keessatti akka argamu taasiseera Mootummaan Ida’amuu.   Walumaagalatti, Yaa’iin Fayyaa Hawaasaa Afrikaa 5ffaa (CPHIA 2026) Finfinneetti gaggeeffamuun isaa guddina, qulqullinaa fi jijjiirama damee fayyaa Itoophiyaatiif beekamtii guddaadha. Kunis Itoophiyaan damee fayyaa hawaasaatiin ardii Afrikaaf moodeela ta’uu ishee mirkaneesseera!   Milkaa’inni kun hundi bu’aa tarsiimoo ifaa, hirmaannaa uummataa cimaa fi kutannoo hoggansa mootummaa Ida’amuutiin kan argamedha. Jijjiiramni fayyaa kunis lammiilee fayya-buleessaa, sammuu qaraa fi oomishaa ta’an uumuun, imala Itoophiyaan gara badhaadhina waloo fi guddina waaraatti taasiftu daran kan si’eessu ta’ee itti fufa.   #Mootummaa Ida’amuu #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa Miseensa Maatii Miidiyaa Dijiitaalaa ENA ta’aa https://www.ena.et/web/links
Yunivarsiitiin hubannoo namtolchee ida’amuu, haala fayyaa  ardichaa fooyyessuuf qorattoota Afriikaaf leenjii olaanaa fi qorannoof carraa ni uuma-Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Nov 23, 2026 339
Sadaasa 14/2019 (ENA)- Yunivarsiitiin hubannoo namtolchee ida’amuu, haala fayyaa ardichaa fooyyessuuf qorattoota Afriikaaf leenjii olaanaa fi qorannoof carraa akka uumu Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsan. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad yaa’ii fayyaa hawaasaa Afriikaa idil addunyaa shanaffaa (CPHIA 2026) har’a wiirtuu konveenshinii idil addunyaa Addisitti ifatti bananiiru. Yaa’iin mata duree “nageenyaa fi birmadummaa fayyaa Afriikaa, gehumsa maxxantummaa fi saaxilamummaa fayyaarraa gara abbummaa fi cichoominaatti taasifamu “jedhuun gaggeeffamu kun amma Sadaasa 18 bara 2019tti ni tura. Hoggantoonni biyyootaa, itti gaafatamtoonni olaanoo fi ogeeyyonni fayyaa hawaasaa fi keessummoonni afeeraman yaa’icharratti hirmaataa jiru. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad yaa’ichi yoo banamu akka ibsanitti, wabii fayyaa jechuun namoonni wal’aansa yeroo dhukkubsatan qofa argatan osoo hin ta’iin, hojii dursanii ittisuu, bishaan qulqulluu, nyaata barbaachisuu fi naannawa nageenya daa’immaniif barbaachisu of keessaa kan qabudha. Itiyoophiyaan sirna fayyaa biyyattii ammayyeessuun jijjiirama gddaa fiddeetti jedhan ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad. Inshuraansiin fayyaa babal’achuusaa fi kun qofti ga’aa akka hin taane ibsanii, dhaabbileen fayyaa ogeeyyota ga’aa, qorichaa, laaboraatorii, maallaqa qabaachuu akka qaban hubachiisaniiru. Itiyoophiyaan qoricha ishee barbaachisu biyya keessatti oomishuuf humna horachaa jiraachuu ibsanii, wagga darbe dhaabbata fayyaa addunyaarraa badhaasa sadarkaa ciminaa sadaffaa qorichaa fi talaallii alarraa galanii (WHO Maturity Level 3) argachuushee beeksisaniiru. Teeknooloojiin dijitaalaa ogeeyyonni bakka jiranitti osoo hin daangeffamiin beekumsa ogummaa fi deeggarsa argachuu akka danda’an qooda olaanaa akka qabaatu ministirri muummee ibsaniiru. Hubannoo namtolcheen(AI) sirriitti qoratamee haala naannawaa waliin wal simee yemmuu itti hojjetamu ogeeyyota fayyaa deeggaruu akka danda’u eeraniiru. Gamtaan Afriikaa hubannoo namtolchee Ardichaa fi misooma fayyaa dijitaalaa akka qindeessan ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsanii, tarsiimoon dijitaalaa 2030 Itiyoophiyaa bu’ura kallattii knaa ta’uu dubbataniiru. Inistiitiyuutiin hubannoo namtolchee Itiyoophiyaa dhaabbilee fayyaa Afriikaa waliin qorannoo waloo taasisuu akka danda’u eeranii, Yunivarsiitiin hubannoo namtolchee ida’amuu ammoo barattoota Afriikaanotaaf leenjii olaanaa fi carraa qorannoo akka uumu ibsaniiru. Afriikaan fayyaa ilaalchisee tumsa taasiftu gara hojiitti ceesisuuf dhimmoota ijoo sadiif dursi kennamuu akka qabu ministirri muummee hubachiisaniiru. Isaanis, kan jalqabaa wiirtuuwwan ga’ooma wal’aansaa banuu, kan lammataa Waloomaan bituun sirnoonni fayyaa biyyoota Afriikaa oomishtoota qorichaa fi oomisha fayyaaf gabaa amansiisaa uumuun dandeettii oomishaa guddisuu fi kan sadaffaa sirna dhiheessii cimsuun akka danda’amu fi bu’aa qabatamaaf itti gaafatamummaa mirkaneessuun tokkoon tokkoon waadaaf qama itti gaafatama fudhatu, madda faayinaansii fi yeroon madaallii guddinaa ifatti taa’uu akka qabu kan jedhanidha. Kana malees deeggarsi deeggartoota misoomaa Afriikaaf kennaman Ardichatti dhimmoota dursi kennamuuf irratti akka bu’ureffatu, dhaabbilee fulla’aa akka cimsuu fi dandeettii ogummaa naannawaa karaa guddisuun wal jijjiirraan beekumsaa akka gaggeeffamu waamicha taasisaniiru. Itiyoophiyaan waggaa dhufu yaa’ii COP32 Finfinneetti akka gaggeessitu hubachiisanii,, murtoon haala qilleensaa ragaa saayinsaawaa fi muuxannoo ogeessotaan akka deeggaraman hojjechuuf hirmaattota yaa’ichaa Finfinneetti afeeraniiru. Dhumarrattis Afriikonni sadarkaa fayyaa ummatasaaniif hawwan qabatamaan gara argatanitti jijjiiruuf waliin hojjechuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. See less
Diinagdee
Itoophiyaan buufata galaanaa qabaachuun ishee guddina dinagdee fi tumsa naannootiif bu’uura dha – Hayyoota
Nov 25, 2026 32
Sadaasa 16/2019 (ENA): Galaana Diimaa fi daandiiwwan daldala idil-addunyaa waliin walitti dhufeenya seenaa bara dheeraa kan qabdu Itoophiyaan, misooma biyyaalessaa fi tumsa naannoo isheef qaqqabummaa buufata galaanaa amanamaa ta’e mirkaneessuun gahee bakka bu’aa hin qabne qabaachuu hayyoonni ENA waliin turtii taasisan himaniiru. Waggoota kurnan sadan darbaniif buufata galaanaan ala ta’uun ishee daldala al-ergii fi galtee akkasumas baasii loojistikii irratti dhiibbaa cimaa uumaa kan ture yoo ta’u, kunis baay’ina ummataa fi dinagdee saffisaan guddachaa jiruuf balaa tarsiimoo waan ta’eef, biyyattiin qajeelfama kennuu fi fudhachuu fi faayidaa waloo irratti hundaa’uun buufata galaanaa argachuun biyyoota ollaa waliin walitti hidhaminsa naannoo fi badhaadhina waloo guddisuuf carraaqqii bal’aa taasisaa jirti.   Yunivarsiitii Jimmaatti Barsiisaa fi Qorataan Bulchiinsa Seenaa fi Hambaalee Gargaaraa Piroofeesar Yunaas Seefuu akka jedhanitti, hariiroon seenaa Itoophiyaan Galaana Diimaa, Galoo Galaana Aden, Galaana Hindii fi Meditiraaniyaanii waliin qabdu ajandaa siyaasaa ammayyaa bira darbee wiirtuu daldala durii turuu ishee agarsiisa. Dogongorri seenaa raawwatame filannoowwan buufata galaanaa Itoophiyaa daangessus, yeroo ammaa filannoowwan nagaa fi dippilomaasii qajeelfama ijoo taasisuun, dhaabbilee idil-addunyaa fi ardiilee hirmaachisuun bu’uuraalee daangaa qaxxaamuraa babal’isuun murteessaa ta’uu hubachiisaniiru.   Yunivarsiitii Bulee Horaatti barsiisaa saayinsii siyaasaa fi hariiroo alaa kan ta’an Iddoosaa Dagafaa gama isaaniin, buufata galaanaa dhabuun baasii loojistikii fi geejjibaa olaanaa baasisuun gatii meeshaalee dabalaa fi dhiibbaa jireenyaa dabalataa lammiilee irratti uumaa jiraachuu ibsaniiru. Qaqqabummaa buufata galaanaa mirkaneessuun dinagdee Itoophiyaaf qofa osoo hin taane nageenya waloo fi walitti hidhaminsa diinagdee naannichaaf akka gumaachu eeruun, ga’ee nageenyaa fi dippilomaasii biyyattiin gaanfa Afrikaatti qabdu fayyadamtee nageenya galaanaa cimsuu fi shororkeessummaa fi sochii seeraan alaa ittisuuf akka gargaaru, akkasumas dhimmi kun marii karaa nagaa fi faayidaa waloo fi fedhii biyyoota ollaa tilmaama keessa galchuun furmaata argachuu akka qabu himaniiru. #Mootummaa Ida’amuu #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa Miseensa Maatii Miidiyaa Dijiitaalaa ENA ta’aa https://www.ena.et/web/links
Inishiyeetiiviin Misooma Ruuzii Oromiyaa fayyadamummaa diinagdee qonnaan bultootaa dabalaa jira.
Nov 25, 2026 70
Sadaasa 16/2019 (ENA) : Naannoo Oromiyaatti guddina dinqisiisaa galmeessisaa kan jiru Inishiyeetiiviin Misooma Ruuzii, oomisha biyya alaatii galfamu oomisha biyya keessaatiin bakka buusuu qofa osoo hin taane, fayyadamummaa dinagdee qonnaan bultootaas dabalaa jiraachuu Biiroon Qonna Naannichaa beeksise.   Itoophiyaan ruuzii biyya alaatii galchuun shara alaa hedduu baasaa turte. Garuu wayita ammaa biyya keessatti omishuun baasii sharafa alaa hir’isuu fi birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf Naannoon Oromiyaa lafa lalisaa fi qabeenya bishaanii jiru misoomaaf fayyadamuudhaan Inishiyeetiivii Misooma Ruuzii hojiirra oolchaa jira. Oomisha aadaa ruuzii lafa heektaara muraasa irratti babal’isuun galteewwan ammayyaa fayyadamuun naannicha gara wiirtuu oomisha ruuziitti jijjiiruuf kan kaayyeffate jalqabbii kun yeroo gabaabaa keessatti jijjiirama qabatamaa fidaa jira. Omishni ruuzii wabii nyaataa naannichaa mirkaneessuu bira darbee, qonnaan bultoonni hojii midhaan galii irraa argatan akka omishan taasiseera jedhan Hogganaan Kominikeeshinii Biiroo Qonnaa Naannoo Oromiyaa obbo Indaashaawuu Jamaanee.   Naannoon kun sirna haala qilleensaa mijaa’aa misooma ruuzii qabaatus, xiyyeeffannoon kennamuufii dhabuu irraa kan ka’e, hanga bara omishaa bara 2013/14tti lafti misoome heektaara kuma 16 akka hin caallee eeruun, kanarraas oomishni kuntaala kuma 805 qofa akka argame yaadachiisaniiru. Haa ta’u malee, mootummaan naannichaa yeroo ammaa kana naannoowwan bu’a qabeessa ta’anii fi misooma ruuziitiif mijatoo ta’an adda baasuun inisheetivii kana hojiirra oolchaa akka jiru ibsaniiru. Keessattuu Godinaalee Lixaa fi Kibba Lixa Oromiyaatti misoomni ruuzii babal’achaa akka jirus eeraniiru.   Naannichatti oomishaa fi oomishtummaa ruuzii guddisuuf galteewwan argaman fooyyessuu fi fayyadamummaa qonnaan bultootaa guddisuu bira darbee leenjiin hubannoo uumuu, deeggarsa ogummaa fi hordoffiin gaggeeffameera jedhan. Bara oomishaa 2017/18tti naannichatti misoomni ruuzii lafa heektaara miiliyoona 1.2 irraatti misoome ruuzii kuntaala miiliyoona 63 argamuu eeraniiru. Bara kana lafa heektaara miiliyoona 1.5 misoome keessaa hanga ammaatti ruuziin heektaara kuma 544 fi 607 irraa sassaabamuu ibsaniiru. #Mootummaa Ida’amuu #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa Miseensa Maatii Miidiyaa Dijiitaalaa ENA ta’aa https://www.ena.et/web/links
Imala Misooma Magaalota Itiyoophiyaa: Adeemsa ammayyummaa fi seenaa walitti hidhe
Nov 24, 2026 218
Itiyoophiyaan biyyaa qaroomina, seenaa fi aadaa bara dheeraa qabdudha. Magaalonni ishees mallattoo fi giddu gala qaroominaati. Magaalota keessatti baroota dheeraaf hojiin misoomsuu fi deebisanii ijaaruu hojjetamaa hin turre. Waggoota muraasaa asitti garuu bifti magaalota Itiyoophiyaa saffisa ajaa'ibsiisaa ta'een jijjiiramaa jira. Hojiiwwan misooma bu'uuraa fi misooma kooridarii magaalaa guddittii Finfinnee irraa kaasee hanga magaalota naannootti hojjetamaa jiran, magaalota Itiyoophiyaa jiraattotaaf mijatoo, daawwattoota addunyaa fi yaa'iiwwan gurguddoof immoo bakka ga'umsaa filatamoo taasisaa jiru. Teessoo Gamtaa Afrikaa fi dhaabbilee idil-addunyaa kan taate magaalaan Finfinnee boqonnaa jijjiiramaa haaraa keessatti argamti. Magaalattiin gama tokkoon ashaaraa seenaa ishee durii haaromsaa, gama biraatiin immoo pirojektoota ammayyaa sadarkaa idil-addunyaa guutan dhugoomsiteetti. Finfinneen waggoota muraasa darban hojiiwwan magaalaa miidhagsuu, babal'ina hoteelaa fi bu'uuraalee misoomaa gaggeessiteen tuurizimii fi yaa’iwwaan idi-addunyaaf bakka ga'umsaa taate jirti. Waggoota dhihoo asitti qofa yaa'ii hoggantoota Gamtaa Afrikaa waggaa waggaan gaggeeffamuun alatti, yaa'ii paartilee siyaasaa Afrikaa dabalatee yaa'iiwwan daldalaa, teeknooloojii fi jijjiirama qilleensaa ardii fi idil-addunyaa hedduu milkaa'inaan keessummeessiteetti. Ijaaramuun wiirtuu Konveenshinii intarnaashinaalaa Addis fi golambaa Yaadannoo Injifannoo Adwaa, dandeettii magaalattiin yeroo tokkotti keessummoota kumaatamaan lakkaa'aman keessummeessuuf qabdu haalaan guddiseera. Yeroo amma kana Yaa'ii Fayyaa Hawaasaa Afrikaa akkasumas Fooramii Misooma Daldalaa Afrikaa kaasuun ni danda'ama. Kana malees Paarkiin Tokkummaa, hambaawwan seenaa Itiyoophiyaa, seenaa moototaa fi iddoo bashannanaa ammayyaa kan walitti hidhe hojii dinqisiisaadha. Paarkiin Inxooxxoo fi Paarkiin Michoomaa magaalattii bakka ga'umsaa tuurizimii magariisaa taa’uun alatti, keessummoonni addunyaarraa yaa'iif dhufan miidhaginaa magaalaa guddittii bakka itti dhandhaman iddoowwan ijoo ta'aniiru. Hojiin misooma magaalota Itiyoophiya Finfinnee qofa irratti kan daangeffame osoo hin taane, magaalota biyyattii keessatti argamanis kan hammateedha. Hambaawwan seenaa kan akka Masaraa Mootummaa Abbaa Jifaar kan hammatte Jimmaan, hojiiwwan misooma kooridarii fi magaalaa miidhagsuu dhiheenya kana hojjetamaniin bifa ammayyaa gonfatteetti. Qarqara Haroo Xaanaatti kan argamtu Baahir Daar immoo daandiiwwan ishee bal'oo fi iddoowwan bashannanaa qarqara xaanaa ammayyeessuun, wiirtuu yaa'iiwwan gurguddoo biyyaalessaa fi ardii kan akka Fooramii Xaanaa ta'uu ishee caalaatti cimsiteetti. Sulula Qiinxamaa keessatti kan argaman Hawaasaa, Adaamaa fi Bishooftuun, guddina ariifataa industirii, daldalaa fi bu'uuraalee misoomaatiin fakkeenya magaalummaa ammayyaa agarsiisuun alatti, rizoortiiwwan isaanii ammayyaa fi galmawwan walga'ii bakka ga'umsaa konfaransii filatamoo isaan taasiseera. Dabalataanis madda hambaawwan seenaa kan ta'an magaalan Harar fi magaalan Gondar hambaawwan isaanii durii of-eeggannoon eegaa fi haaromsaa, bu'uuraalee misoomaa magaalaa naannoo isaanii jiran ammayyeessuun seenaa fi ammayyummaa walitti qabanii qabataniiru. Imalli misooma magaalota Itiyoophiyaa seenaa boonsaa dhaloota darbee saffisa hojii fi mul'ata ammayyaa dhaloota ammaa waliin kan walqunnamsiisedha. Magaalonni Itiyoophiyaa badhaadhina waliigalaa biyyattii kan calaqqisiisan, lammiileef bakka jireenyaa mijataa, addunyaaf immoo bakka ga'umsaa qaroominaa, miidhaginaa fi yaa'iiwwan gurguddoo idil-addunyaa adda duree ta'uun isaanii hin oolu.
Itiyoophiyaan dhukkuboota daddarboo hin taane ittisuu fi to’achuuf tarkaanfiiwwan bu’a qabeessa ta’an fudhachuun biyyoota Afrikaa biroof fakkeenya taateetti
Nov 24, 2026 142
Sadaasa 15/2019 (ENA): Itiyoophiyaan dhukkuboota daddarboo hin taane ittisuu fi to’achuuf tarkaanfiiwwan bu’a qabeessa ta’e fudhachuun biyyoota Afrikaa birootiif fakkeenya ta’uu hoggantoonni dhaabbilee ardii damichaa ibsaniiru. Dameen fayyaa dameewwan misooma hawaasummaa mootummaan ida’amuun waggoota darban keessatti xiyyeeffannoo itti kenne keessaa isa tokkodha. Haaluma kanaan riifoormii imaammataa, ijaarsa bu’uuraalee fayyaa, ijaarsa dandeettii ogeeyyiitiin tajaajila fayyaa haqa qabeessa ta’een akka argatu tarkaanfiiwwan bu’a qabeessa ta’an fudhatamaniiru. Mootummaan Ida’amuu ijaarsa dhaabbilee fayyaatiin alattis bu’uuraalee misoomaa adda addaa hawaasni fayyaa isaa dursee akka eegu dandeessisan irratti xiyyeeffatee hojjechaa jira. Pireezidaantiin Gamtaa Dhukkuboota Daddarboo Afrikaa fi Dura taa’aan Walta’iinsa Baha Afrikaa Piroofeesar Kaawushik Ramaayaa ENAtti akka himanitti, Itoophiyaan ittisaa fi to'annoo dhibee irratti hojii fakkeenyummaa qabu hojjettee jirti jedhani. Dandeettii ogeessota fayyaa ijaaruu, tajaajila fayyaa cimsuu fi dhukkuboota ittisuu fi to’achuu keessatti hojiin bu’a qabeessa ta’e hojjatame hojii fakkeenyummaa qabu biyyoota biroof bu’aa buusuu fi hordofuu qabu ta’uu himaniiru. Akkasumas, mootummaan Itoophiyaa dhibeewwan daddarboo hin taane ittisuu fi to’achuuf sababoota balaa dhukkubaaf nama saaxilan hir’isuun hojii bu’a qabeessa ta’e hojjetteetti jedhan. Itoophiyaan sagantaalee ekisteenshinii fayyaa, tajaajila fayyaa sadarkaa duraa cimsuu fi faalama naannoo to’achuuf labsii fi dambiiwwan hojiirra oolchuun hojii fakkeenyummaa qabu hojjattee jirti jedhan.   Daarektarri Olaanaa Gamtaa Dhukkuboota Daddarboo Afrikaa Fardinandi Soniyuu akka himanitti, Itoophiyaan dhukkuboota daddarboo hin taane ittisuu fi to’achuu irratti hojii bu’a qabeessaa fi dinqisiisaa hojjettee jirti. Itoophiyaan sagantaa ashaaraa magariisaatiin hojii bu’a qabeessa fayyaa dhala namaaf fi egereef bu’uura kaa’u hojjechaa akka jirtus ibsaniiru.   Hojii gaggeessituun Tumsa Dhukkuboota Daddarboo hin taanee Itoophiyaa Maahlet Warquu dhibeewwan daddarboo hin taane kanaan dura xiyyeeffannoo gahaa akka hin argannee fi waggoota darban keessa damee kanarratti jijjiiramni mul’achaa akka jiru ibsaniiru. Keessumaa misooma koridaraa fi pirojektoonni ashaaraa magariisaa akkaataa jireenyaa dhibeewwan dursanii ittisuu irratti kan xiyyeeffate uumuu keessatti gahee olaanaa akka qaban ibsaniiru. #Mootummaa Ida’amuu #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa Miseensa Maatii Miidiyaa Dijiitaalaa ENA ta’aa https://www.ena.et/web/links
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Diijitaal Itiyoophiyaa: Imala Itiyoophiyaa Bu’urarraa Jijjiiraa Jiru
Nov 25, 2026 112
Imalli jijjiirama diijitaalaa Itiyoophiyaan dinagdee ammayyaa teeknooloojii fi kalaqa irratti hundaa’e ijaaruuf eegalte, yeroo ammaa kana saffisa olaanaa fi bu’aa qabatamaa ta’een gara fuulduraatti furgugga’aa jira. Tarsiimoo ‘Diijitaal Itiyoophiyaa’ jedhamu bu’uura godhachuun, akkasumas galmoota dinagdee diijitaalaa irratti xiyyeeffachuun hojiiwwan jalqabaman, kenniinsa tajaajilaa, sirna faayinaansii fi misooma humna namaa biyyattii bifa jijjiiraa jiru. Jijjiirama saffisaa kanaaf mootorri cimaan inni guddaan xiyyeeffannoo olaanaa fi kutannoo imaammataa mootummaan damee kanaaf kenneedha. Damee telekoomii dorgommiif banaa gochuurraa kaasee, hanga bu’uuraalee seeraa dinagdee diijitaalaatiif mijatoo ta’an raggaasisuutti tarkaanfiiwwan fudhataman, dhaabbileen dhuunfaa fi dhaabbileen teeknooloojii idil-addunyaa Itiyoophiyaa keessatti akka bobba’aniif balbala bananiiru. Bu’uuraalee misoomaa babal’isuun dhaqqabummaa intarneetii guddisuun immoo imala diijitaalaa kanaaf lafee dugdaa ta’ee tajaajilaa jira. Itiyoophiyaan mul’ata Afrikaa keessatti damee hubannoo namtolcheetiin (AI) adda duree ta’uuf qabdu dhugoomsuuf, Inistiitiyuutii hubannoo namtolchee Itiyoophiyaa hundeessuun ishii boqonnaa seenaa guddaadha. Inistiitiyuutichi damee qonnaa, fayyaa, faayinaansii fi nageenyaa irratti furmaatawwan teeknooloojii biyya keessaa misoomsuun jijjiirama qabatamaa fidaa jira. Milkaa’ina kana itti fufiinsaan mirkaneessuu fi damee kana beekumsa gadi fageenya qabuun hoogganuuf immoo, Yuunivarsiitii hubannoo namtolchee of danda’e hundeessuuf jalqabbii eegalamuun ishii, Itiyoophiyaan teeknooloojii kan fayyadamtuu qofa osoo hin taane, biyya teeknooloojii maddisiiftuu taatee dhaabbachuuf kutannoo qabdu agarsiisa. Teeknooloojiin humna namaa gahaa fi gahumsa qabu malee bu’a-qabeessa ta’uu hin danda’u. Kana kan hubate imalli Diijitaal Itiyoophiyaa, dargaggoota ogummaa diijitaalaa ammayyaatiin gahoomsuuf sochii bal’aa uumeera. Lammiilee miliyoonaan lakkaa’aman koodingii (coding), daataa saayinsii fi beekumsa diijitaalaa bu’uuraatiin leenjisuuf sagantaawwan biyyaalessaa jalqabaman adeemsa dhaloota sadarkaa idil-addunyaatti dorgomaa ta’e uumuu saffisiisaniiru. Bu’aan jijjiirama diijitaalaa jireenya guyyaa guyyaa lammiilee keessatti ifatti mul’achuu jalqabeera. Tajaajilli wiirtuu tokkoo "Masoob" lammiileen tajaajiloota mootummaa garaagaraa baaxii tokko jalatti, sirna si’ataa teeknooloojiidhaan deeggarame akka argatan kan taasisu yoo ta’u, biirookraasii hir’isuun kenniinsa tajaajila mootummaa ammayyeessaa jira. Sirnoonni daddabarsa maallaqaa moobaayilaa fi kaffaltii diijitaalaa kanneen akka Telebirrii fi filannoowwan diijitaalaa baankii biroo yeroo gabaabaa keessatti lammiilee miliyoonota fayyadamtoota sirna faayinaansii taasisaniiru. Bittaa fi gurgurtaan maallaqa callaa malee (Cashless) raawwatamuun baratamaa dhufuunsaa sochii daldalaa saffisaa, iftoomina qabuu fi hammataa taasiseera. Bu’uura dinagdee diijitaalaa kan ta’e waraqaan eenyummaa diijitaalaa biyyaalessaa ‘Fayidaa’, imala diijitaalaa Itiyoophiyaa keessatti gahee murteessaa bahachaa jira. Sirna odeeffannoo baayoomeetiriiksiitiin deeggarame, lammiileen tajaajila baankii, inshuraansii fayyaa, barnootaa fi tajaajiloota mootummaa haala amansiisaa fi salphaa ta’een akka argatan dandeessiseera. Saffisni hojiirra oolmaa, hammattummaanii fi sadarkaan teeknooloojii waraqaa eenyummaa diijitaalaa Fayidaa Itiyoophiyaa bira darbee biyyoota Afrikaa fi biyyoota guddinarra jiran biroof akka muuxannoo gaarii fi fakkeenyaatti sadarkaa eeramu irra gaheera. Sochiin waliigalaa Itiyoophiyaan damee teeknooloojiitiin jalqabde kun, biyyattii hojimaata duubatti hafaa keessaa baasuun, mul’ata Afrikaa keessatti fakkeenya dinagdee diijitaalaa ta’uuf qabdu yeroo gabaabaa keessatti akka dhugoomsitu ifatti agarsiisa.
Itiyoophiyaa fi Yugaandaan birmadummaa teeknooloojii Afriikaa fi guddina waloof tumsa isaanii nicimsu-Itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa
Nov 24, 2026 155
Sadaasa 15 /2019 (ENA)- Itiyoophiyaa fi Yugaandaan birmadummaa teeknooloojii Afriikaa fi guddina waloof tumsa isaanii akka cimsan itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa ibsan. Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa yaa’ii fayyaa hawaasaa Afriikaa 5ffaa cinaatti hat’a itti aantuu pirezidaantii Yugaandaa Jeesikaa Alluuppoo waliin inistiitiyuutii hubannoo namtolchee Itiyoophiyaa daawwataniiru. Hubannoo namtolcheen birmadummaa teeknooloojii, guddina misoomaa fi qormaatilee misoomaa Afriikaa furuuf dandeettii guddaa akka qabu itti aanaan ministira muummee ergaa isaaniirratti barreessaniiru. Dandeettii kana guddisuuf afaanota, beekumsaa fi haqa keenya bu’uureffachuun teeknooloojii hojjechuu, dandeettii qorannoo fi kalaqaa keenya cimsuu gaafata jechuun ibsaniiru. Hubannoon namtolchee dame fayyaatiin dandeettii ogeeyyotaa deeggaruunii fi tajaajila fooyyessuun gumaacha guddaa akka qabaatu dubbataniiru. Kanaaf ammoo kitaabota haala Afriikaan wal siman qopheessuu fi nageenya odeeffannoo mirkaneessuun murteessaa ta’uu hubachiisaniiru. Tarsiimoo dijitaala Itiyoophiyaa 2030 fi ijaarsa dandeettii dhaabbilee qorannoo fi barnootaa irratti hundaa’uun, Yugaandaa fi biyyoota Afriikaa biroo waliin tums agama teekinooloojii, qorannoo waloo fi wal jijjiirraa beekumsaatiin cimsuun guddina waloof murteessaadha jechuun itti aanaan ministira muummee ibsaniiru.
Bakkeewwan roobni yeroo malee sodaachisutti midhaan sassaabiif gahe yeroo caamaatti walitti qabamuu qaba
Nov 24, 2026 200
Sadaasa 15 /2019 (ENA)- Bakkeewwan roobni yeroo malee sodaachisutti midhaan sassaabiif gahe yeroo caamaatti walitti qabuun akka barbaachisu inistiitiyuutiin miitiiyorooloojii Itiyoophiyaa hubachiise. Inistiitiyuutichi raaga haala qilleensaa fi yaada furmaataa Novambar 21-30 fi Disambar 1-10/ 2026 jiru ifoomseera. Waggoota 10 darban bakkeewwan bonni yeroo rooba yeroo lammataaf argatan kibbaa fi kibba bahaatti akkasumas kibba lixaa, Kaaba, Kaaba lixaa,jiddu galeessa, bahaa fi Kaaba bahaa Novambar 11 amma 20/2026tti duumessii fi roobni jiddu galeessarraa amma olaanaan galmaa’uusaa ibseera. Keessumaa sa’aatii 24 keessatti bakkeewwan 23 rooba olaanaa galmeessisan keessaa Adoolaa mm.77.6, Bilaattee mm.59.4, Maayicawu mm.58.8 akkasumas Yaa’aballoo mm, 56.7 ni eeramu. Haalli qilleensaa darbe dameewwan qonnaa fi bishaaniirratti miira wal makaa uumuusaa gabaasichi ifoomseera. Ciidhi kun walakkeessa kibbaa, Booranaa fi Gujiitti midhaan facaafamanii fi marga loonii fi bishaan dhugaatiif akkasumas midhaan dheedhiif haala gaarii uumullee, bakkeewwan midhaan sassaabiif qaqqabe Kaaba, Kaaba bahaa fi jiddugaleessatti roobni yeroo malee amma tokko rakkoo uumeera. Gama bishaaniitiin Oomoo Gibee, Baaroo Akooboo, Gannaalee Daawwaa, Sulula qinxaamaa, abbayyaa gara gubbaa fi jiddu galeessaa akkasumas sululli Takazee gara gubbaa bishaa lafarraa xiqqaarraa amma olaanaatti waan argataniif qabeenya bishaaniif gumaacha taasiseera. Novambar 21 amma 30/2026tti kan jiru guyyoota Novambarii kudhan jiran kan guyyaa sadaffaa,bonni yeroo rooba lammaffaa itti argatan Boorana, Boorana Bahaa, Gujii Lixaa, Gujii, Baalee Bahaa, Sidaamaa akkasumas Somaalee fi godinaaleen kibba Itiyoophiyaa gara kibbatti argaman rooba fooyya’aa akka argatan raagameera. Kibba, Kibba bahaa fi kibba lixaatti darbee darbee kan roobu yoo ta’u, kibba lixaa, Kaaba lixaa, jiddu galeessa, bahaa fi Kaaba bahaatti xiqqaarraa amma jiddu galeessaatti roobni hin eegamne ni rooba. Kana malees Jiddu galeessa, bahaa fi baddaa kibbaatti hoo’i halkanii fi gara barii xiqqaan darbee darbee digirii seelsheesii 5 gadi akka ta’u eerameera. Dissambar 1 amma 10/2026tti bakkeewwan bonni yeroo rooba lammata itti argatan haalli roobaa kan itti fufuu fi kibba, kibba bahaa fi kibba lixaatti darbee darbee akka roobu beekameera. Lixa, Kaaba lixaa fi Kaaba bahaatti roobni yeroo malee xiqqaan kan roobu yoo ta’u, jiddu galeessa, bahaa fi baddaa kibbaatti hoo’Iixiqqaan digirii seelsheesii 5 gadi ta’uun qorri halkanii fi barii darbee darbee akka cimu raagameera. Qonna ilaalchisee yaada furmaataa kennameen keessaa, ciidhina argamu itti fayyadamuun bishaan roobaa kuusuu, marga loonii kunuunsuu, akkasumas baddaatti aramaa balleessuu fi midhaan dheedhii hordofanii guddisuun keessatti argamu. Bakka roobni yeroo malee roobutti guyyaa caamaan oolu midhaan walitti qabuun tuuluu akkasumas dhibee waagii ittisuuf oyiruu hordofuun akka barbaachisu inistiitiyuutichi hubachiiseera. Bishaan ilaalchisee Novambar 21 amma 30/3026tti sulula qinxaamaa, oomoo gibe fi baaroo akooboo gara gubbaatti bishaan lafarraa jiddu galeessarraa amma olaanaatti akka eegamu gabaasichi ibseera. Haala Kanaan hidhawwanii fi bishaan laggeenii hordofuu, bishaan roobaa kuusuu, bo’oo dhangala’aan keessa darbu qulqulleessuu, akkasumas dhiqama biyyee, dalalii fi karaa dhangala’aan keessa darbu akka hin cufamne dursuun to’achuun akka barbaachisu yaadni furmaataa dhihaateera.
Ispoortii
Humni Qilleensaa dandeettii dhaabbilee ammayyaa ijaaruun milkaa'ina kallattii hedduu galmeessisaa jira - Letanaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa
Nov 24, 2026 116
Sadaasa 15/2019 (ENA): Humni Qilleensaa Itoophiyaa ergama birmadummaa fi nageenya biyyattii eeguu bu’a qabeessa ta’een ba’uu bira darbee hojiiwwan misoomaa irratti dammaqinaan hirmaachuu fi badhaadhina waliigalaa hundaaf kutannoo qabu dammaqinaan agarsiisaa jiraachuu Hogganaan Humna Qilleensaa Itoophiyaa Letanaal Jeneraal Yilmaa Mardasaa himan. Letanaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan Hundeeffama waggaa 91ffaa Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa Sababeeffachuun ibsa kennaniiru. Ibsa isaaniin, Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa teeknooloojjii jabanaa hidhachuu fi humna namaa gahoomsuun haleellawwan biyya keenyaarratti yaalaman fashaleessuun seenaa hojjetaa jira jedhan. Guyyaan hundeeffama waggaa 91ffaa Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa mata duree” Gaachana Samii Itiyoophiyaa Injifannoo fi Wareegaman Miidhage” jedhuun Sadaasa 21 fi 22 , 2019 kan kabajamuu ta’uu eeraniiru. Sadaasa 20, 2019 Magaalaa Bishooftuutti fiigichi daandiirraa kiiloomeetira 10 Atileettoonni bebbeekamoon idil addunyaa irratti hirmaatan kan gaggeeffamu ta’uu ibsaniiru. Humni Qilleensaa Itiyoophiyaa Fiigicha daandiirraa waggaa waggaan Magaalaa Bishooftuutti qopheessu cimsee kan itti fufu ta’uu ibsuun, Tiishartiin kabajaa Letanaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan eebbifamuun ibsameera.   Fiigicha kanarratti raayyaan ittisa biyyaa fi hawaasni naannoo akka hirmaatu hubachiisaniiru. Kutaaleen hawaasaa hundi naannoo adda addaa irraa walitti dhufanii waliin fiiguun ayyaana kana bifa ho’aa ta’een akka kabajan waamicha dhiyeessaniiru. Dorgommii kanarratti miseensonni hawaasaa kuma 10 ol ni hirmaatu jedhan Hogganaan Waajjira Federeeshinii Atileetiksii Oromiyaa Inistiraaktar Idil Addunyaa Shimallis Daawit. Atileetotni 800 ol, akkasumas atileetotni gurguddoon Olompikii, shaampiyoonaa addunyaa fi dorgommii daandii irratti hirmaatanii injifannoo guddaa galmeessan dorgommii kana irratti akka hirmaatan akeekaniiru. Badhaasa dorgommii kanaa ibsa kennaniin, atileetota koorniyaa lamaan (dhiiraa fi dubaraa) sadarkaa 1ffaa hanga 5ffaa ta’aniif badhaasni maallaqaa qophaa’uu ibsaniiru. Haaluma kanaan atileetii koorniyaa lamaaniinuu sadarkaa tokkoffaa ba’uuf birrii kuma 500, atileet lammaffaa ba’eef birrii kuma 250, atileet sadarkaa sadaffaa ba’eef birrii kuma 150 qophaa’uu beeksisisaniiru. Akkasumas leenjistoota atileetota sadarkaa tokkoffaa bahan kan leenjisan tokkoon tokkoon isaaniif badhaasni birrii kuma 100 qophaa’uu beeksisaniiru. #Mootummaa Ida’amuu #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa Miseensa Maatii Miidiyaa Dijiitaalaa ENA ta’aa https://www.ena.et/web/links
Atileetonni ol adeemtonni adeemsa injifannoo Itiyoophiyaa haaromsan, biyya kan boonsanidha – Itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa
Nov 18, 2026 405
Sadaasa 9/2019 (ENA)፦ Atileetonni ol adeemtonni adeemsa injifannoo Itiyoophiyaa haaromsan, biyya kan boonsan ta’uu itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa ibsan. Itti Aanaan Ministira Muummee ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaanii irratti dabarsaniin, atileetota ol adeemtota kana qaamaan arganii jajjabeessuu isaanii ibsaniiru. Dargaggoonni kunneen umrii isaanii dargaggummaa keessatti dandeettii olaanaa addunyaa irratti agarsiisanii fi injifannoo galmeessaniin alaabaa biyya isaanii kabajaan ol kaasuu isaanii dubbataniiru. Bu’aan kun Itiyoophiyaanonni hundi gammachuu fi kan nama boonsu, dhaloota dargaggootaaf immoo abdii guddaa fi fakkeenya gaarii ta’uu ibsaniiru. Itti aanaan ministira muummee injifannoon haraa kun milkaa’ina boruu caalmaa qabuuf ka’umsaa fi bu’uura ta’uu eeruun, atileetonni ofitti amanamummaa horachuun, abjuu isaanii guddisuun, injifannoo har’aa kan caaluuf akeekuun dorgommiiwwan shaampiyoonaa addunyaa fi taphoota olompikii dhufaniif dandeettii, kutannoo fi ciminaan akka qophaa’an dhaamaniiru. Mootummaanis adeemsa milkaa’ina isaanii itti aanu keessatti deeggarsa isaan barbaachisu hunda akka taasisu kan mirkaneessan obbo Tamasgeen, atileetonni dandeettii fi gahumsa isaanii itti fufiinsaan guddisuun maqaa fi alaabaa biyya isaanii addunyaa irratti ol kaasuu itti fufuuf kutannoon akka dorgoman hubachiisaniiru.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Magaalaa Shaggariitti Ayyaana Sabootaa, Sablammootaa fi Ummattoota Itiyoophiyaa sababeeffachuun Kunuunsi Biqiltuu Ashaaraa Magariisaa taasifame
Nov 20, 2026 502
Sadaasa 11/2019(ENA)- Magaalaa Shaggariitti Ayyaana Sabootaa, Sablammootaa fi Ummattoota Itiyoophiyaa sababeeffachuun Kunuunsi Biqiltuu Ashaaraa Magariisaa taasifamuu bulchiinsi magaalichaa beeksise. Ayyaana Saboota, Sablammootaa fi Ummattoota Itiyoophiyaa Marsaa 21ffaa Magaalichatti kabajamu sababeeffachuun Kunuunsi Biqiltuu Ashaaraa Magariisaa taasifamuun ibsameera. Duulli Ashaaraa Magariisaa Mallattoo Waloomaafi danoomaan injifachuu Sabaafi Sablammootaa ta’uun ibsameera. Itti Aanaan Kantiibaa fi qindeessaa Kilaastara damee Misooma Baadiyyaa magaalichaa Obbo Mariid Dimmiruu, mootummaan badhaadhinaa Sabaa fi Sablammootaaf bilisummaa fi wal-qixxummaa guutuu gonfachiisuun ijaarsa biyyaa fi imala badhaadha eegalame keessatti dammaqinaan akka hirmaatan taasisuusaa himaniiru. Ayyaanni Saboota, Sablammootaa fi Ummattoota Itiyoophiyaa Marsaa 21ffaa sadaasa 17-20/2019 Sadarkaa Naannoo Oromiyatti mata duree “Itiyoophiyaa Qaroomtee, Sabaa fi Sablammootaan faayamtee, mariin Ijaaramte” jedhuun Magaalaa Shaggariitti kabajama jechaniiru. Haaluma kanaan Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Gafarsa Gujeettii Ayyaana Saboota, Sablammootaafi Ummatoota Itiyoophiyaa Sababeeffachuun kunuunsi Biqiltuu Ashaaraa Magariisaa Aanaa Eegduutti taasifameera Magaalaa Shaggariitti biqiluu miliyoona 22 ol duula ashaaraa magariisaan akka dhaabbatees yaadachiisaniiru. Bulchaa Kutaa Magaalaa Gafarsa Gujee Obbo Tafarii Nigaatuu gama isaanii akka kutaa Magaalichatti biqiltuun nyaataa, bosonaa fi qorichaa miliyoonaa 1 tuqaa 8 akka dhaabbate himanii, kunuunsaa fi eeggicha taasifameen biqiltuwwan dhaabbatan hundi latuu akka danda'e dubbataniiru. Sagantaa kunuunsa Biqiltuu kana irratti Af-Yaa'ii Mana Maree Magaalaa Shaggar Kabajamoo Obbo Qaabatoo Albee, hooggantoota sadarkaa sadarkaan jiranii fi hawaasni irratti argamaniiru.
Itiyoophiyaan bu’aalee jijjiirama qilleensaaf deebii kennuun galmeessiste waltajjii idil-addunyaatti dhiheessite
Nov 17, 2026 425
Sadaasa 8/2019 (ENA)- Itiyoophiyaan Turkiyyee Antaaliyaatti yaa'ii 31ffaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii jijjiirama qilleensaa (COP31) irratti gaggeeffamaa jiru irratti, waggaa darbe keessatti dinagdee gadi-lakkisa kaarboonii xiqqqaa fi jijjiirama qilleensaaf dandamachuu danda'u ijaaruun gama galmeessisteen bu'aalee qabatamaa argattee fi kallattiiwwan xiyyeeffannoo gara fuula duraa ifoomsiteetti. Paviloonii Itiyoophiyaa COP31 Ministeera Tarsiimoo Biyyaalessaatiin mata-duree “Beleem irraa hanga Antaaliyaatti, dinagdee gadi-lakkisa kaarboonii fi jijjiirama qilleensaaf dandamatu ijaaruun imala Itiyoophiyaa” jedhuun waltajjiin gamaaggamaa olaanaa gaggeeffamerratti bakka bu'oonni mootummaa Itiyoophiyaa fi michoonni misoomaa argamaniiru. Waltajjii gamaaggamaa Paviloonii Itiyoophiyaa keessatti gaggeeffame irratti, bara 2018 qofa biqiltoonni biiliyoona 8.2 ol dhaabamuu fi erga sagantaan Ashaaraa Magariisaa jalqabamee kaasee lakkoofsi biqiltoota dhaabamanii biiliyoona 56 ol ga'uun ibsameera. Dabalataanis, lakkoofsi konkolaattota elektirikii Itiyoophiyaa keessatti argamanii kuma 144 fi 429 ga'uun eerameera. Gama fooyya'insa imaammataa fi dhaabbilee irraa, labsii gabaa kaarboonii raggaasifamuu, sirni galmee kaarboonii biyyaalessaa qophaa'uu, wiirtuun odeeffannoo jijjiirama qilleensaa hundeeffamuu, akkasumas sirni hordoffii, gabaasaa fi mirkaneessaa walitti hidhame diriirfamuu isaanii akka bu'aawwan ijoo galmaa'anitti eeramaniiru. Itiyoophiyaan yaa'iin COP32 bara 2027 Finfinneetti keessummeessitu milkaa'inaan gaggeessuuf sadarkaa biyyaalessaa, ardii fi idil-addunyaatti qophii taasisaa akka jirtu ibsameera. Kana malees, michoonni misoomaa, dhaabbileen idil-addunyaa fi dameen dhuunfaa faayinaansii jijjiirama qilleensaa, dabarsa teeknooloojii fi ijaarsa dandeettii dhaabbilee irratti deeggarsa isaanii akka cimsan waamichi dhihaateera. Waltajjicharratti bakka bu'oonni Biriiteen, Jarmanii fi Gaanaa, akkasumas bakka bu'oonni olaanoon sagantaa misooma dhaabbata mootummoota gamtoomanii fi NDCP irratti hirmaatan, Itiyoophiyaan anniisaa haaromfamuu danda'u, nyaataa of danda'uu fi misooma magariisaa magaalotaa irratti tarkaanfii qabatamaa fudhachaa jirtu dinqisiifataniiru. Odeeffannoon ministeera tarsiimoo biyyaalessaa irraa argame akka agarsiisutti, Itiyoophiyaan Antaaliyaa irraa gara Finfinneetti imala itti fuftu keessatti waadaa jijjiirama qilleensaa galte gara bu'aa qabatamaatti jijjiiruun, Afrikaa fi addunyaarratti dandamannaa jijjiirama qilleensaa ijaaruu keessatti kutannoo qabdu mirkaneessiteetti.
Lammiin Itiyoophiyaa hundi qophiin COP32’f taasifamu bu’a qabeessa akka ta’u itti gaafatamasaa bahu qaba
Nov 13, 2026 479
Sadaasa 4/2019 (ENA)- Lammiin Itiyoophiyaa hundi qophiin COP32’f taasifamu bu’a qabeessa akka ta’u itti gaafatamasaa bahu qaba jedhan itti gaafatamtuun sakireetaariyaatii pireesii waajjira ministira muummee Billanee Siyyum ibsan. Itiyoophiyaanonni biyya keessummaa simannu ta’uu keenya yaa’ii Kanaan agarsiisuu qabna jedhaniiru. Yaa’iin jijjiirama haala qilleensaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii 31ffaan Turkiyyee, Antaaliyaatti gaggeeffamaa jira. Itti gaafatamtuun sakireetaariyaatii pireesii waajjira ministira muummee Billanee Siyyum ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad COP31 irratti hojiiwwan gurguddoo raawwatan akkasumas haal duree biyyattiin COP32 qopheessuuf gochaa jirtuu fi maqaa gaarii biyyaalessaa haala Kanaan hojjetamu ilaalchisuun ibsa kennaniiru. Biilalnee Siyuum akka ibsanitti, hirmaannaan Itiyoophiyaa COP31 irratti taasiftu paaviliyoonii qofa irratti kan daangeffame osoo hin taane, marii fi marii jijjiirama qilleensaa irrattis dammaqinaan hirmaachaa jirti. Itiyoophiyaan gama jijjiirama qilleensaatiin dargaggoota beekumsa teeknikaa fi ogummaa gahaa qaban marii irratti hirmaatan horachaa akka jirtus ibsaniiru. Itiyoophiyaan COP32 kan keessummeessitu yoo ta’u biyyoota Afrikaatiin deeggaramtee filatamuu ishee kan yaadachiisan Billalneen, ajandaa biyyaalessaa qofa osoo hin taane, ajandaa ardichaa gara fuulduraatti dhiyeessuun mariiwwan irratti hirmaachuu akka itti fuftu dubbataniiru. Qophii COP 32’f koreen biyyaalessaa ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin durfamu hundaa'uu fi wantoota dhiyaachuu qaban akkasumas qophii barbaachisu irratti gamaaggamni taasifamaa akka jiru ibsaniiru. Yaa’iin kun keessummoota hanga kuma 80tti tilmaamaman kan keessummeessu waan ta'eef, dandeettii hoteelotaa, geejjibaa fi tajaajiloota biroo guddisuun akka barbaachisu hubachiisaniiru. Yaa’iin idil-addunyaa guddaan kun itti gaafatamummaa mootummaa qofa osoo hin taane, itti gaafatamummaa ummata Finfinnee fi ummata Itiyoophiyaa hundaati jedhaniiru. Simannaa keessummootaa gochaan agarsiisuuf, qaamoleen damee turizimii fi tajaajilaa keessatti bobba'an dandeettii gahaa akka horatan qophiin bal'aan taasifamaa jiraachuu ibsaniiru. Adeemsi kun keessummoota simachuu qofa osoo hin taane, biyya ittiin ijaarru, dhaabbilee ittiin cimsinu, akkasumas oomishtoonni biyya keessaa carraa guddaa ittiin argatan ta'uu isaa ibsaniiru. Kanaafuu, ji'oota dhufan keessatti mootummaan qophii saffisaa yeroo taasisaa jiru, ummanni hundi itti gaafatamummaa waliinii isaa akka bahatu waamicha dhiyeessaniiru.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 34511
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti - Itti aanaa Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa
Jun 9, 2026 25227
Waxabajji 2 /2018 (ENA): Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti jedhani itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan muummee ministiraa Pirojektoota misoomaa adda addaa magaalaa Woldiyaatti ijaaraman eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Yeroo eebba kanaatti pirojektoonni misoomaa eebbifaman imala biyyattiin gara fuulduraatti taasiftu kan agarsiisan yoo ta’u, guddinni Itiyoophiyaa eenyullee dhaabuu akka hin dandeenye kuni ragaadha jedhan. Itti aanaan ministira muummee kun ummanni magaalaa Woldiyaa finxaaleyyii fi qoqqoodinsa mormuudhaan kan beekamu ta’uu ibsuun, filannoon isaanii irra deddeebiin nagaa fi mootummaa cimaa ta’uu isaa kan argisiisu ta’uu ibsaniiru.   Mootummaan baandota irratti qabsaa’aa jira jedhani. Waggoota 50 fi 60 darbaniif warri yaada dulloomaatiin qabaman guddina ariifataa biyyattii hubachuu akka hin dandeenyes ibsaniiru. Warri bosona keessa jiran jijjiirama guddaa biyyatti dhufe kan akka misooma koridarii, maaddii guutuu, pirojektoota misoomaa fi oomisha qamadii arguu akka hin dandeenye dubbataniiru. Misoomni koridarii magaalota keessatti gaggeeffamaa jiru dhimma bareedinaa qofa osoo hin taane magaalota ammayyeessuun sadarkaa jireenyaa ummataa ol kaasuuf kaayyoo ta’uu ibsaniiru. Magaalonni Itiyoophiyaa magaalota Baha Afriikaa fi addunyaa waliin dorgomuu akka qaban ibsaniiru; akkasumas tajaajila ammayyeessuuf tajaajilli giddugala tokkoo guutuu biyyattiitti babal’achaa akka jiru hubachiisaniiru. Manneen kitaabaa ummataa, manneen kitaabaa dijitaalaa fi kaffeewwan saayinsii magaalaa Woldiyaatti ijaaraman odeeffannoo guyyaa guyyaa irraa gara beekumsaa fi qorannoo gadi fagootti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan, abbootii qabeenyaa fi ummanni pirojektoota misoomaa eegalaman gara baadiyyaatti babal’isuun badhaadhina biyyattii dhugoomsuuf waliin hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 20867
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015