Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Itiyoophiyaa tumsa naannawaa cimsuun nageenyaa fi tasgabbii Afriikaaf gahee ishee bahachaa jirti
Jul 27, 2026 67
Adoolessa 20/2018 (ENA)- Itoophiyaan tumsa naannawaa cimsuun nageenyaa fi tasgabbii Afrikaaf gahee ishee bahachaa jirti jechuun ibsan qondaaltonni mootummaa Ruwaandaa. Akkaadamii Waraanaa Itiyoophiyaa kaadhimamtoota koorsii Matammaa marsaa 71ffaa leenjise eebbisiiseera. Akkaadamiin kun miseensota Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa qofa osoo hin taane, biyyoota Afrikaa garaagaraa irraa dhufanis leenjisee eebbisiiseera. Eebbifamtoota keessaa lammii Ruwaandaa kan ta’e itti aanaan ajajaa dhibbaa Negeenaa Luusii akkaadamiicha keessatti barnoota qalamaa fi gocha irratti hundaa'e argachuu isaanii ENA’tti himaniiru. Itiyoophiyaan yeroo waraana Kooriyaa, Riwaandaa fi hojii nageenya kabachiisuu biyyoota Afrikaa garaagaraa keessatti hirmaatte keessatti seenaa boonsaa galmeessiteetti jechuun ibsaniiru. Lammiin biyya Ruwaandaa Itti Aanaan ajajaa Dhibbaa Fireemootwaa Hiirwaa, akkaadamiicha keessatti barnootaa fi leenjii gochaa fi qalamaa hojii isaanii gahumsaan raawwachuuf isaan dandeessisu argachuu isaanii ibsaniiru. Itiyoophiyaan shororkeessummaa ittisuun nageenyaa fi tasgabbii addunyaatiif hojjechaa turteetti; akkasumas nageenyaa fi tasgabbii Afrikaaf adda duree ta'uun tajaajilaa jirti jechuun ibsaniiru. . Nageenya waaraa mirkaneessuuf tumsi biyyootaa murteessaa ta'uu isaa ibsanii, akkaadamii waraanaa Itiyoophiyaa keessatti leenjii argachuun isaanii Itiyoophiyaan nageenyaa fi tasgabbii naannawaaf tumsa taasistu kan agarsiisu ta'uu dubbataniiru.
Mariin Biyyaalessaa Ijaarsa Mootummaa Cimaafi labsii Injifannoo Walooti
Jul 27, 2026 79
Adoolessa 20/2018(ENA):Mariin biyyaalessaa ijaarsa mootummaa cimaa milkeessuufi injifannoo waliinii kan labsu ta'uu qaamoleen dhaabbilee hawaasa sivilii maricharratti hirmaatan ibsan. Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa, Lammiilee Itiyoophiyaa biyya keessaafi alaa jiran mariisisuun ajandaawwan mariif dhihaatan saddeet ifoomsuun isaa kan yaadatamu dha. Kanaanis hirmaattonni kuma afur ta'an Finfinnee Konveenshinii Idil - Addunyaa Addisitti marii'achaa jiru. Itti Aanaan Pirezidaantii Mana Maree Dhaabbilee Hawaasa Sivilii Itiyoophiyaa Obbo Ahimad Huseen ENA’f akka ibsanitti; marichi fedhii fi ilaalcha walii sirriitti hubachuuf haala mijataa uumuusaa ibsaniiru. Mariin kun lammiileen fedhii isaanii ibsuufi yaada waliisaanii dhaga'uuf haala mijataa uumuusa ibsaniiru. Walga'ichi yaadni ijaarsaa fi bu'a qabeessa ta'an kan itti ka'an Itiyoophiyaatti aadaafi muuxannoo haaraa ta'uu isaa eeraniiru. Lammiilee gidduutti wal-amantaa uumuu kan dandeessisuu walga'ii hirmaachisaafi hammataa ta'uu isaatiin ijaarsa mootummaaf shoora olaanaa qaba jedhaniiru. Daarektarri Waldaa gamtaa Dhaabbilee Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa Obbo Masuud Gabayyoo,yaa’iin marii biyyaalessaa rakkoolee bara dheeraaf hidda gadi fageeffatan buqqisuuf tarkaanfiifi milkaa'ina guddaa ta'uu isaa ibsaniiru. Hirmaattonni hawaasa bal'aa ajandaawwan garaa garaarratti dammaqinaan yaada irratti kennaa kan jiran ta'uu isaanii taajjabdoota kudhanii ol bobbaasuun hubachuu isaanii dubbataniiru. Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa hirmaattota Itiyoophiyaa guutuurraa walitti babba'an yaada isaanii afaan isaaniitiin bilisummaadhaan ibsuufi dhaga'uu akka danda'anaf turjumaanota bobbaasuu isaa ibsaniiru. Hirmaattonni marichaa hirmaannaa ho’aan marii’achuun ajandaawwanirratti waligaltee siyaasaa waloo uumuun furmaata dhaabbataa fiduuf gahee olaanaa qaba jedhaniiru. Hojii gaggeessaa olaanaan Federeeshiinii Dargaggoota Itiyoophiyaa Dargaggoo Yoseef Abarraa gamasaatiin, marii kana irratti hirmaachuun muuxannoo fi beekumsa garaagaraa argachuusaa ibseera. Maricharratti yaadonni olka'insa Itiyoophiyaa mirkaneessan ka’aa jiraachuu ibsuun, Itiyoophiyaa gara boqonnaa fooyya'aatti ceesisuuf milkaa'inni dandeessisu akka galmeeffamu abdiin qaba jedheera.  
Bara bajataa kana naannichatti omishaa fi oomishtummaa dabaluuf karoorfamee hojjetamaa jira
Jul 27, 2026 77
Adoolessa 20/2018 (ENA)- Naannoo Harariitti bara bajataa 2019 omishaa fi oomishtummaa dabaluu fi Qaala'iinsa jireenyaa tasgabbeessuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu Itti Aantuun Pirezidaantii Naannoo Hararii fi itti gaafatamtuun Biiroo misooma qonnaa naannicha Aadde Roozaa Umar ibsaniiru. Itti aantuun pirezdaantii fi itti gaafatamtuun Biiroo misooma qonnaa Aadde Roozaa Umar hojiiwwan bara 2019 hojjetamuuf karoorfaman ilaalchisee ibsa kennaniiru. Ibsa isaanii keessatti hojiiwwan oomishaa fi oomishtummaa guddisuuf hojjetamaniin bu'aaleen jajjabeessaan galmaa'uu ibsaniiru. Haaluma kanaan oomisha qonnaa dabaluu fi omishaa fi oomishtummaa guddisuuf hojiiwwan hojjetaman keessatti bu’aan jajjabeessaa argamuu eeraniiru. Keessattuu oomishaalee waggaa guutuu misoomuu danda’an keessaa boqqoolloon tokko ta’uu eeruun waqtiilee bonaa fi gannaas oomishamaa turuu eeraniiru. Naannichatti Bara bajataa 2018 xumurame keessatti lafti heektaara kuma 2 fi 160 boqqolloo misoomsuu eeruun; Bara kana gara lafa heektaara kuma 2 fi 378tti guddisuuf karoorfamuu ibsaniiru. Naannichatti bara baajataa darbe qamadii lafa hektaara tokkorraa kuntaala 32 oomishamee ture bara baajataa kanatti gara kuntaala 33tti guddisuuf karoorfamuu ibsuun, walumaa galatti oomisha kuntaala kuma 14 fi 850 ni abdatama jedhaniiru. Bara baajataa kanatti walumaagalatti lafti heektaarri kuma 11 fi 956 sanyiin kan facaafamu fi kana keessaa lafti heektaarri kuma 2 fi 378 irra Boqqoolloon akka facaafamu ibsaniiru. Kana malees hanqina roobaa dandamachuun oomisha hedduun kan irraa argamu oomisha mishingaa dachaan dabaluun fayyadamtummaa qonnaan bulaa mirkaneessuuf kan hojjatamu tahuu ibsaniiru. Dabalataaniis lafa heektaara kuma 4 fi 700 jallisii bonaatiin oomishaalee midhaanii, kuduraa fi hundee adda addaa kan oomishamu ta’uu fi lafti hektaarri 537 qonna magaalaatiin kan misoomu ta’uu ibsaniiru. Qonnaan bulaan hirkattummaa roobaa jalaa baasuu fi filannoo biroos akka fayyadamu gochuu himaniiru. Kanaafis dhiyeessii galteewwan qonnaa, qophii lafaa fi hojii ijaarsa dandeettii ogeeyyii qonnaatiis hojjetameera jedhan. Oomishtummaa misooma beeyladaa fi qurxummii guddisuufis xiyyeeffannoo addaatiin kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru. Galteewwan oomishaa fi oomishtummaa qonnaan bultootaa guddisan dhiyeessuu alattis baadiyaatti sagantaa maaddii madaalaawaa milkeessuuf qabame bu'a qabeessa taasisuuf mandaroota hanqaaquu 18 hundeessuuf akka hojjetamu ibsaniiru. Dabalataaniis lafa hektaara 600 irratti hojiiwwan eegumsa biyyee fi kunuunsa qabeenya uumamaa hawaasa hirmaachise akka hojjetamu ibsaniiru. Kana malees bara bajataa kanatti lakkoofsa gargaaramtummaa jiru gara zeerootti gadi buusuuf akka hojjatamu himaniiru.
Itiyoophiyaan riijinicha keessatti nagaa buusuudhaan qooda adda durummaa bahachaa jirti
Jul 27, 2026 118
Adoolessa 20/2018 (ENA)- Itiyoophiyaan riijinicha keessatti shororkeessummaa dura dhaabbachuunii fi nagaa buusuudhaan qooda adda durummaa bahachaa jiraachuushee hogganaan qajeelcha olaanaa lojistiksii ittisaa Letenaal Jeneraal Abdurahimaan Ismaa’el ibsan. Simpooziyeemiin lojistiksii fi komunikeeshinii Itiyoophiyaan Izzii Ameerikaa Afriikaa (AFRICOM) waliin ta’uun qopheessitu Finfinneetti eegalameera. Ministirri maallaqaa Injinar Ayishaa Mahaammad, ajajaan Izzii Ameerikaa Afriikaa Jeneraal Dagviin Andarsan, hogganaan qajeelcha olaanaa lojistiksii ittisaa Letenaal Jeneraal Abdurahimaan Ismaa’el, hoggantoonni raayyaa ittisaa biyyattii fi hoggantoonni waraanaa biyyoota Afriikaa garagaraa sagantaa kanarratti hirmaachaa jiru. Itiyoophiyaan riijinichaaf akkasumas nagaa fi tasgabbii Afriikaaf kutannoo qabdu yeroo dheeraa ta’uusaa hogganaan qajeelcha olaanaa lojistiksii ittisaa Letenaal Jeneraal Abdurahimaan Ismaa’el dubbataniiru. Itiyoophiyaan riijinicha keessatti shororkeessummaa dura dhaabbachuunii fi nagaa buusuudhaan qooda adda durummaa bahachaa jiraachuushee ibsaniiru. Sirna lojistiiksii fi komunikeeshinii guutuu ta’e mirkaneessuudhaan shororkeessummaa qolachuu fi nagaa buusuudhaan ergama milkaa’aa raawwatteetti jedhan. Sirni komunikeeshinii qindaa’aan yoo hin gurmoofne rakkisaadha kan jedhan hogganaan kun, xiyyeeffannoo damee kanaaf kennamu karaa yeroo waliin deemuun cimsuun akka barbaachisu ibsaniiru. Waltajjiin kun rakkoolee yeroo duulaa fi bobbii quunnaman furuuf tooftaa ammayyaa baasuuf carraa uumuuf ni gargaara jedhaniiru.
Kan mul'ate

Mariin Biyyaalessaa dhaloota egereef  Itiyoophiyaa mijooftuufi jabduu taate ijaaruuf bu'uura kan kaa’u dha - Hirmaattota Marichaa
Jul 26, 2026 265
Adoolessa 19/2018 (ENA):Adeemsi marii biyyaalessaa aadaa waldhaggeeffachuufi waliigaltee waliinii cimsudhaan dhaloota egereef Itiyoophiyaa mijooftuufi cimtuu ijaaruuf bu'uura kan kaa’u ta'uu hirmaattonni mariichaa ibsaniiru. Mariin biyyaalessaa Itiyoophiyaa Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad bakka argamanitti Adoolessa 8 bara 2018 Finfinnee Kokonveenshinii Idi-Addunyaa Addisitti eegalamuunsaa ni yaadtama. Mariin addaan qoodamiinsa tokko malee hunda hirmaachisee kun rakkoo waggoota dheeraaf ture karaa sirna qaroomina qabuun mari'achuun furmaata kennuuf marii seenaa qabeessa ta'eera. Kanaafis nagaa waaraafi misooma biyyaalessaaf bu'uura cimaa kan kaa'u akka ta'uu ni eegama. Hirmaattonni marichaa ENA’f yaada kennan marichi dhimmoota biyyaalessaa gurguddoo irratti waliigaltee waloo uumuun nagaa waaraafi guddina Itiyoophiyaa mirkaneessuf akka dandeessisu ibsaniiru. Hirmaattota keessaa obbo Salamoon Taaffasaa akka jedhanitti, mariin biyyaalessaa kutaa hawaasaa hundaa hirmaachisee waltajjii seenaa qabeessa mari'achuudhaan biyya nagaan itti fufsiisuu akka danda'amu ifatti kan agarsiisedha jedhaniiru. Iddoon sun wal dhabdee irratti ifaa fi bilisaan mari'achuuf carraa bal'aa kan uume ta'uu irraa kan ka'e waliigaltee dhugaa uumuuf kan dandeessisu ta'uu dubbataniiru. Kutaa Itiyoophiyaa hundarraa hirmaattonni kan argaman ta'uu irraa kan ka'e caalaatti wal beekuuf carraa kan uumu ta'uu ibsaniiru. Hirmaataan marichaa biroon obbo Natsaannat Xaasoo gama isaaniitiin, mariin biyyaalessaa sabaafi sab-lammootaafi qooda fudhattoota biroo hunda kan hammatu ta'uu isaa ifatti kan agarsiisudha jedhaniiru. Mariichi dhimmoota hedduu irratti haala tasgabaa'een mari'achuufi wal dhaggeeffachuudhaan hundi isaanii qixxee kan itti hirmaatan carraa gaarii kan uume ta'uusaa ibsaniiru. Marichi rakkooleen keenya durii kan itti furamuufi furmaata waaraa itti argatan iddoo seenaa qabeessa ta'uu kan dubbatan immoo hirmaataa mariichaa obbo Asaffaa Wadaajoo dha. Naannoowwan biyyattii garagaraa irraa kan walitti dhufan Itiyoophiyaanota dhimmoota waloorratti mari'achuufi tokkummaa saba-daneessummaa isaanii cimsuun itti fufsiisuuf carraa dinqisiisaa ta'uu kaasaniiru.  

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa

Akkaadaamiin loltummaa Hoolotaa qondaaltota kaadhimamoo koorsii Matammaa 71ffaa eebbisiisaa jira
Jul 25, 2026 227
Adoolessa 18/2018(ENA)- Akkaadaamiin loltummaa Itiyoophiyaa Hoolotaa etaamaajoor shuumiin walii galaa humnoota waraanaa fiildi maarshaal Biraanuu Juulaa bakka argamanitti mooraa akkaadaamichaa Hoolotatti argamutti kan leenjise qondaaltota kaadhimamoo koorsii Matammaa 71ffaa eebbisiisaa jira. Etaamaajoor shuumiin walii galaa humnoota waraanaa fiildi maarshaal Biraanuu Juulaa, hogganaan qajeelcha olaanaa barnootaa fi leenjii ittisaa Jeneraal Yimar Mokonnon, ajajaan akkaadaamii loltummaa Itiyoophiyaa Birgaadiyeer Jeneraal Geetaachoo Habtaamuu, qondaaltonni jeneraalaa kabajamoo akkasumas ataasheewwan loltummaa biyyoota garagaraa sirna eebbaa kanarratti argamaniiru. Qondaaltonni kaadhimamoon leenjii Kanaan caalmaa argatan etaamaajoor shuumii walii galaa humnoota waraanaa fiildi maarshaal Biraanuu Juulaa sirni maaraga uwwisuu gaggeeffameera. Ajajaan akkaadaamii loltummaa Itiyoophiyaa Birgaadiyeer Jeneraal Geetaachoo Habtaamuu waltajjicharratti dubbiii dubbataniin, leenjiin eebbifamtoonni fudhatan cimina gaggeessummaa walii galaa kan gabbisu ta’uu ibsaniiru. Qondaaltonni kaadhimamoo beekumsaa fi ogummaa leenjicharraa argatan ergama dirqamaa raayyaa kamiyyuu bahachuuf kan isaan dandeessisu beekumsa isaan gonfachiiseera jedhaniiru. Miseensota raayyaa ittisaa Itiyoophiyaatiin alattis qondaaltonni kaadhimammoo biyyoota Afriikaa garagaraarraa dhufan leenjii xumuranii eebbifamuusaanii dubbataniiru.
Yaa’iin marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa milkaa'inaan gaggeeffamaa jira – Pirofeesar Masfin Ari'ayaa
Jul 23, 2026 553
Adooleessa 16/2018 (ENA): Adeemsi yaa’ii marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa milkaa'inaan gaggeeffamaa jiraachuu komishinarri Olaanaan Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Pirofeesar Masfin Ari'ayaa ibsan. Komishinara Olaanaan marii biyyaalessaa Pirofeesar Masfin Ari'aayaa ibsa miidiyaaleef kennaniin, mariichi ajandaawwan kennaman irratti bal'inaan mari'achuunii fi ibsa hayyootaan deeggaramuun milkaa'inaan gaggeeffamaa jira. Guyyoota darbanitti waltajjiiwwan marii gaggeeffamaniin hirmaattonni gareen qoodamuun ajandaawwan kennamaniif irratti gadi fageenyaan mari'achuu, wal-dhaggeeffachuu fi wal-kabajuun gara adeemsa yaada qindeessutti ce'uu isaanii ibsaniiru. Yaa’iin marii Adoolessa 8 bara 2018 irraa eegalee gaggeeffamuun hirmaattonni miseensota 50 fi 10n qoodamuun adeemsa yaada maddisiisuu fi cimsuu isa jalqabaa raawwachuu isaanii dubbataniiru. Mariin miseensota 10n gurmeessuun gaggeeffamu hirmaattota gidduutti walitti dhiheenya uumuun wal-baruu fi ajandaawwan kennamaniif irratti gadi fageenyaan akka mari'atan kan dandeessisuu ta’uusaa ibsaniiru. Adeemsa kanaanis hirmaattonni walitti akka dhihaatanii fi ajandaawwan qulqullinaan akka irratti marii’atan sirna diriireen hojiin bu'a qabeessi hojjetamuu hubachiisaniiru. Miseensota 10 kanaan gabaasawwan qindaa’an irratti boruu jalqabee gareewwan miseensota 50 qabaniin walitti dhufanii mariin akka jalqabamu beeksisaniiru Guyyaa har’aa ogeeyyonni mata dureewwan garagaraa irratti mari’attoota mata dureewwan garagaraa irratti garee saddetitti qoqqoodamaniif ibsaa fi odeeffannoowwan kennuusaanii ibsaniiru. Ogeeyyonni dhimmoota ijaarsa biyyaa, seenaa, federaalizimii fi eenyummaarratti beekumsaa fi muuxannoo qaban mari’attootaaf ibsa galtee ta’u taasisuudhaan, gaaffilee hirmaattota irraa ka’aniifis deebii kennuusaanii dubbataniiru. Boru irraa eegalee gabaasota marii gareewwan miseensota 10 qabaniin gaggeeffameen qindeessan gareewwan miseensa 50 qabaniif dhiheessuudhaan adeemsi marii itti aanuu akka eegalamu ibsaniiru. Yaa’ii marii Kanaan mari’attoota kuma 4 keessummeessuun qophii guddaa kan barbaadu ta’us, deeggarsa qindaa’aa dhaabbileen fayyaa, nagaa fi tasgabbii akkasumas geejjibaa taasisaa jiran dinqisiifataniiru. Mariilee taasifamaniin gareewwan saddet keessatti hirmaattota 500niin gurmaa’anii gaggeeffamaa tureera jedhaniiru. Boru irraa eegalee gabaasa gareewwan miseensa 50 qabaniin qindeessan gareewwansaaniif dhiheessuudhaan mariin gareewwan miseensota 250 qaban shantamaan taasifamu akka eegali ibsaniiru. Torbee dhufu ammoo hirmaattonni kuma 4 bakkeewwan 16tti qoqqoodamanii marii akka itti fufan eeraniiru. Hirmaattonni wayita mariin kun gaggeeffamu wal’aansa isaan barbaachisu hoospitaalota federaalaa fi naannootti wa’aansa barbaachisu argachaa akka jiran ibsaniiru. Akkasumas dhaabbileen deeggarsa taasisan kan akka nagaa fi tasgabbii, geejjibaa fi kanneen biroo qindaa’anii hirmaattotaaf tajaajila barbaachisu gochaa akka jiran eeraniiru.
Mariin kun Itiyoophiyaan gara boqonnaa haaraa seenaa fi misoomaatti akka ceetu carraa uuma – Mari’attoota
Jul 22, 2026 498
Adoolessa 15/2018 (ENA): Mariin biyyaalessaa kun Itiyoophiyaan gara boqonnaa seenaa fi misoomaa haaraatti akka ceetu carraa uuma jedhan mari attoonni lammiileen Itiyoophiyaa biyya alaa jiraataniifi miseensonni hawaasa Itiyoophiyaa konfiraansii marii biyyaalessaa irratti hirmaatan. Komishiniin marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa lammiilee Itiyoophiyaa biyya keessaa fi alaa hirmaachisuun ajandaalee marii saddeet adda baasuun isaa ni yaadatama. Ajandaawwan kunneen Giddugala Walgahii Idil-addunyaa Addis keessatti mari’atamaa kan jiran yoo ta’u, mari’attoonni kuma afur kan irratti hirmaataa jiranidha. Mari’attoonni kunneen Adoolessa 13, 2018 irraa eegalanii garee xiqqaatti qoodamanii ajandaa itti ramadaman irratti mari’achuu eegalaniiru. Bakka bu’oonni diyaaspooraa konfiraansii adeemsifamaa jiru kanarratti yaada isaanii kan kennan akka jedhanitti, mariin kun Itiyoophiyaan rakkoo waggoota darban mudate bira darbitee gara marsaa seenaa fi misoomaa fooyya’aa ta’etti ce’uuf carraa seena qabeessa ta’uu ibsaniiru. Adeemsi marii kun boqonnaa haaraa marii fi waliigalteedhaan rakkoolee sadrkaa gadii irraa gara oliitti hiikuuf karaa bane ta’uus hubachiisaniiru. Namoota yaada isaanii kennan keessaa Awustiraaliyaa irraa Paachi Aquweer akka jedhanitti; lammiileen Itiyoophiyaa kanaan dura haala akkanaa irratti marii’atanii akka hin beekne ibsuun, affeerraa kana gammachuu fi miira guutuudhaan kan fudhatan ta’uu eerani. Haalli lammiileen Itiyoophiyaa naannoo hundarraa walitti qabaman baay’ee namatti tolu ta’uu hubachiisuun, marii kanaan biyya dhaloota egereef mijattu uumuuf haala kan mijeessu ta’uu dubbatani. Haaluma walfakkaatuun Ameerikaa irraa kan dhufan Piroofeesar Alamaayyoo Gabramaariyaam akka jedhanitti; Itiyoophiyaaf boqonnaa haaraan jalqabamuu himani. Adeemsi marii kun walitti bu’iinsaa fi rakkoolee karaa qaroomina qabuun waliin marii’achuun furuu akka ta’e hubachiisaniiru. Mariin mari’attoonni kuma afur irratti kan hirmaatan kun egeree ifaa Itiyoophiyaaf gumaacha guddaa akka taasisu ibsaniiru. Kanas adeemsa guddaa Ityoophiyaa qofaaf osoo hin taane ummata Afrikaa fi addunyaaf hambaa fi muuxannoo ta’uu danda’u jechuun ibsaniiru. Biyya Ingilizii irraa kan dhufan Allebbaachoo Dassaalenyi Itiyoophiyaanonni sablammoota adda addaa fi jaarmiyaalee lammummaa adda addaa irraa dhufan biyya isaanii sadarkaa gaariitti jijjiiruuf kutannoo agarsiisan dinqisiifataniiru. Itiyoophiyaanota biyya alaa jiraataniifi miseensonni hawaasa Itiyoophiyaa nagaa biyyattiif gumaachuuf qophii ta’uu ibsaniiru. Rakkoon mariidhaan furuun hin danda’amne akka hin jirre eeruun, nagaa, tasgabbii fi misooma waaraa fiduuf ga’een adeemsi marii biyyaalessaa olaanaa ta’uu ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#
Itiyoophiyaan ijaarsa sirna demokiraasii Afriikaa keessatti qooda adda durummaa bahaa jirti
Jul 22, 2026 431
Adoolessa 15/2018 (ENA)- Itiyoophiyaan ijaarsa sirna demokiraasii Afriikaa keessatti qooda adda durummaa bahaa akka jirtu miseensi mana maree bakka bu’oota Naayijeeriyaa Agbeedii Firederiik ibsan. Itiyoophiyaan tumsa ardii cimsuunii fi qoodni seena qabeessi dandeettii ofiitiin misooma mirkaneessuuf bahatte guddaa kan raajeffatamu ta’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaan biyyoota sirna paarlaamaatiin seenaa ture qaban keessaa tokko ta’uusheetiin qoodni ijaarsa sirna demokiraasiif gumaachaa jirtu kan raajeffatamudha. Keessumaa kallattii tumsa riijinii fi dandeettii ofiitiin dhaabbachuu jabeessuuf qoondi baate olaanaa ta’uu kaasaniiru. Filannoon walii galaa torbaffaan milkaa’inaan xumuruunshees kutannoo adeemsa demokiraasiif qabdu qabatamaan kan itti agarsiifte ta’uusaa dubbataniiru. Ijaarsa sirna demokiraasiif kan barbaachisu inni ijoon fedhii lammiilee kan deebisu, nagaa kan buusuu fi gaggeessaa guddina biyyaalessaa si’achiisu kan itti gaafatamni itti dhagahamu ta’uu hubachiisaniiru. Kanaaf Itiyoophiyaan gama hundaanuu birmadummaashee mirkaneessuuf tattaaffiin qabatamaa itti jirtuu fi milkaa’inni galmeessisaa jirtu Afriikaaf calaqqee ifaa ishee taasiseera jedhaniiru. Hariiroon Itiyoophiyaa fi Naayijeeriyaa guddachaa dhufuusaa kan kaasan miseensi mana maree kun, carraaqqiin dippilomaasii michooma paarlaamaa fi hariiroo paarlaamaa biyyoota lamaan jidduutti cimsuuf taasifame kan raajeffatamu ta’uu eeraniiru. Kun ammoo tumsa hunda galeessa gamlamee dhaabbilee demokiraasii biyyoota lamaanii cimsuuf qaban guddisuuf kan kaayyeffate ta’uu ibsaniiru. Hariiroo gamlameen gamatti Itiyoophiyaan tumsa Ardii fi dandeettii ofiitiin dhaabachuu gama guddisuutiin qooda seena qabeessa bahatte raajeffataniiru. Biyyoonni Afriikaa tumsaa fi walgargaarsa jidduusaanii jiru cimsuuf xiyyeeffatanii hojjechuu akka qaban dubbataniiru.

Hawaasummaa
Mariin Biyyaalessaa Ijaarsa Mootummaa Cimaafi labsii Injifannoo Walooti
Jul 27, 2026 79
Adoolessa 20/2018(ENA):Mariin biyyaalessaa ijaarsa mootummaa cimaa milkeessuufi injifannoo waliinii kan labsu ta'uu qaamoleen dhaabbilee hawaasa sivilii maricharratti hirmaatan ibsan. Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa, Lammiilee Itiyoophiyaa biyya keessaafi alaa jiran mariisisuun ajandaawwan mariif dhihaatan saddeet ifoomsuun isaa kan yaadatamu dha. Kanaanis hirmaattonni kuma afur ta'an Finfinnee Konveenshinii Idil - Addunyaa Addisitti marii'achaa jiru. Itti Aanaan Pirezidaantii Mana Maree Dhaabbilee Hawaasa Sivilii Itiyoophiyaa Obbo Ahimad Huseen ENA’f akka ibsanitti; marichi fedhii fi ilaalcha walii sirriitti hubachuuf haala mijataa uumuusaa ibsaniiru. Mariin kun lammiileen fedhii isaanii ibsuufi yaada waliisaanii dhaga'uuf haala mijataa uumuusa ibsaniiru. Walga'ichi yaadni ijaarsaa fi bu'a qabeessa ta'an kan itti ka'an Itiyoophiyaatti aadaafi muuxannoo haaraa ta'uu isaa eeraniiru. Lammiilee gidduutti wal-amantaa uumuu kan dandeessisuu walga'ii hirmaachisaafi hammataa ta'uu isaatiin ijaarsa mootummaaf shoora olaanaa qaba jedhaniiru. Daarektarri Waldaa gamtaa Dhaabbilee Mirga Namoomaa Itiyoophiyaa Obbo Masuud Gabayyoo,yaa’iin marii biyyaalessaa rakkoolee bara dheeraaf hidda gadi fageeffatan buqqisuuf tarkaanfiifi milkaa'ina guddaa ta'uu isaa ibsaniiru. Hirmaattonni hawaasa bal'aa ajandaawwan garaa garaarratti dammaqinaan yaada irratti kennaa kan jiran ta'uu isaanii taajjabdoota kudhanii ol bobbaasuun hubachuu isaanii dubbataniiru. Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa hirmaattota Itiyoophiyaa guutuurraa walitti babba'an yaada isaanii afaan isaaniitiin bilisummaadhaan ibsuufi dhaga'uu akka danda'anaf turjumaanota bobbaasuu isaa ibsaniiru. Hirmaattonni marichaa hirmaannaa ho’aan marii’achuun ajandaawwanirratti waligaltee siyaasaa waloo uumuun furmaata dhaabbataa fiduuf gahee olaanaa qaba jedhaniiru. Hojii gaggeessaa olaanaan Federeeshiinii Dargaggoota Itiyoophiyaa Dargaggoo Yoseef Abarraa gamasaatiin, marii kana irratti hirmaachuun muuxannoo fi beekumsa garaagaraa argachuusaa ibseera. Maricharratti yaadonni olka'insa Itiyoophiyaa mirkaneessan ka’aa jiraachuu ibsuun, Itiyoophiyaa gara boqonnaa fooyya'aatti ceesisuuf milkaa'inni dandeessisu akka galmeeffamu abdiin qaba jedheera.  
Damee Bishaaniifi Inerjiitiin Waggoota Shanan darban bu'aawwan gurguddoon galmaa'aniiru
Jul 26, 2026 173
Adooleessa 19/2018 (ENA): Waggoota shanan darban hojiiwwan bu'a qabeessi damee bishaanifi inarjiitiin raawwataman jijjiirrama qabatamaa fiduu isaanii Ministirri Bishaaniifi inerjii Dr.Injiiner Habtaamuu Ittafaa ibsaniiru. Waggoota shanan darban dhiyeessiin bishaan dhugaatii qulqulluu dhibbeentaa 75 tuqaa 59 ga'uu fi lammiileen miliyoonni 84 ol ta'an fayyadamoo bishaan dhugaatii qulqulluu ta'uu isaanii ibsaniiru. Ministeerichi waggoota shanan darban damee bishaanifi inarjiitiin milkaa'ina galmaa'aniif qooda fudhattoota dhaabbilee mootummaa, michoota misoomaa, kontiraaktaroota, gorsitootaafi qaamolee biroo gumaacha godhaniif sagantaa beekamtii fi galatteeffanaa gaggeesseera. Sirnicharratti kan argaman Ministirri Bishaaniifi Inerjii Dr.Injiiner Habtaamuu Ittafaa akka ibsaniitti, damee kanaan bu'aawwan galmaa'an qaamolee mootummaa, dhaabbilee naannoofi tattaaffii qindoomina michoota misoomaatiin ta'een kan argamaniidha. Sirnichi qaamolee gumaacha godhan galateeffachuuf qofa osoo hin ta'iin hojiwwan misooma bishaaniifi inerjii fuulduraa irratti kallattiiwwan qindoominaa cimaa qopheessuuf kan qophaa'e ta'uu ibsaniiru. Dhiyeessiin bishaan dhugaatii qulqulluu fi tajaajilli saaniteeshinii fooyya'iinsa olaanaa agarsiisuu isaa eeranii, damee misooma bishaan lafa jalaatiin raawwiin dhibbeentaa 87 tuqaa 5 hojjetamuu gabaasni raawwii hojii kan mul'isu ta'uu dubbataniiru. Guddina damee inerjiitiin pirojektoota Hidha Haaromsaa Guddicha Itiyoophiyaa dabalatee dandeettii elektiriika biyyaalessaa guddisuu keessatti gahee olaanaa taphachuu isaanii eeraniiru. Michoonni misoomaafi dhaabbileen deggertootaa deeggarsa hunda galeessa damichaaf taasisaniif galateeffatanii; milkaa'ina galmaa'an itti fufsiisuufi fayyadamummaa lammiilee guddisaa deemuuf fuuldurattis qindoominni cimaan akka barbaachisu hubachiisaniiru.
Ayyaanni waggaa Qullubbii Gabre’eelii kabajame
Jul 26, 2026 137
Adoolessa 19/2018 (ENA): Ayyaanni waggaa Qullubbii Gabre’eelii haala duudhaa amantichaa eegeen kabajameera. Ayyaanichi haala obbolummaafi waliin jireenya cimsuun kabajuu isaanii hirmaattonni ayyaanichaa ibsaniiru. Ayyaanni Qullubbii Gabre’eelii waggaatti yeroo lama Mudde 19 fi Adoolessa 19 kan kabajamu yoo ta’u, hordoftoonni amantichaa biyya keessaa fi alaa kuma dhibbaan lakkaa’amanii fi daawwattooni biyyoota adda addaa sirnicharratti ni hirmaatu. Bakkichi iddoo kadhannaa,wareegaa fi galateeffannaa ta'uu isaatiin iddoowwan Turizimii hafuuraatiin biyyattii gurguddoo keessaa tokko taasisa. Ayyaaneffaannaa kanarratti argamuuf kan dhufan hordoftootni amantichaa; ayyaanichi sirna amantii isaa eeguun, waloon kabajuu isaanii kan dubbataan aadde Tigisti Baqqalaa; ayyaanichi akka sirni amantii ajajutti galgala irraa eegalee waloomaan kabajneerra jedhaniiru. Keessattuu ayyaanichi nagaan akka kabajamuufi amantoonni nagaan ba'anii nagaan akka deebi'an qaamoleen nageenyaa hojii hojjetaniif galata qabu jedhaniiru. Ayyaanichi safuu Itiyoophiyaa agarsiisuun wal gargaaruudhaan waliin jireenyaafi nagaan kabajuu isaa kan dubbate immoo dargaggoo Masfin Adduunyaati. Keessattuu hawaasni naannichaa hirmaattota ayyaanaaf simannaa gaarii taasisuusaanii ibseera. Ayyaanicharratti yeroo jalqabaaf dhufuusaa kan dubbate hirmaataan ayyaanaichaa biroon Tafarii Mollaa; ayyaanichi sirna amntiin alatti tokkummaa Itiyoophiyaa kan cimsu ta'uun kabajuusaa dubbateera. Daandiirrattis ta'ee iddoo ayyaanichaatti rakkoon tokkoyyuu akka isaan hin qunnamne kan dubbatan obbo Kabbadaa Imshaawum ayyaanicha nagaan kabajuu isaanii dubbataniiru. Itti gaafatamaa kutaa ittisa yakkaa qajeelcha poolisii godina Harargee Bahaa Itti aanaa Komaandaraa Jibriil Adam gama isaaniitiin, ayyaanichi rakkoo tokko malee bifa miidhagaafi nagaan kabajameera jedhaniiru. Kanaafis, humnoonni nageenyaa naannoo ollaaafi Raayyaa Ittisa Biyyaa, Poolisiin Federaalaa, miseensonni milishaa qindaa'uun hojii eegumsaa cimaa hojjetan gumaacha gochuusaa dubbataniiru. Ayyaanicharratti balaan tiraafikaafi yakki tokkoyyuu akka hin mudanne itti aanaa Komandara Jibriil kan ibsan yoo ta'u, hawaasni naannichaas qaamolee nageenyaa wajjin qindaa'uun hojiin hojjetan jajjabeessaa ta'uu ibsaniiru
Tajaajilli tola ooltummaa karaa duudhaa wal-gargaarsaafi obbolummaa cimsuun cimee itti fufeera
Jul 26, 2026 169
  Adoolessa 19/2018 (ENA): Tajaajilli tola ooltummaa karaa duudhaa wal-gargaarsaafi obbolummaa cimsuun cimee itti fufee jiraachuu waajjirri paartii Badhaadhinaa damee Naannoo Hararii beeksise. Ittigaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee naannoo Hararii obbo Geetuu Wayyeessaa ibsa kennaniin, tajaajilli tola ooltummaa gannaa maallaqa, humnaa fi beekumsa hawaasichaa qindeessuun dandeettii ofiin carraa misoomsuu kan uumu ta’uu ibsaniiru. Erga jijjiiramni biyyaalessaa dhufee asitti tajaajilli tola ooltummaa kun rakkoo hawaasummaa fi dinagdee hawaasichaa furuu keessatti gahee olaanaa taphachaa jira jedhaniiru. Tajaajilli tola ooltummaa naannichatti eegale kunis barattootaa barnoota gannaa barsiisuu,Biqiltuu dhaabuu, tajaajila wal’aansa bilisaa kennuu, dhiiga arjoomuu, deeggarsa meeshaalee barnootaa walitti qabuu, namoota harka qal’eeyyiif mana ijaaruu fi haaromsuu akkasumaas, hojiiwwan biroos hojjetamaa akka jiran ibsaniiru. Kana malees maaddii waliif qooduun, daree barnootaa haaraa ijaaruufi haaromsuu, manneen barnootaa keessatti teessoo barattootaa suphuu, qulqulleessuu fi miidhagsuu, kitaabota wabii walitti qabuu fi dhimmoota tajaajila tola ooltummaa biroo irratti xiyyeeffannoon kan kennameef ta’uu ibsaniiru. Sagantaa kanaan kutaalee hawaasaa kuma 344 ol fayyadamoo taasisuuf sochiin taasifamaa jiraachuu ibsaniiru. Tajaajilli tola ooltummaa waliif yaaduu fi aadaa wal deggersaa cimsuuf gumaacha olaanaa qaba jedhaniiru. Akkasumaas, duudhaa obbolummaa fi waliin jireenya lammiilee daran akka guddatu gochuu keessatti gumaacha guddaa qabaachuu eeruun, hojiin tola ooltummaa gannaa eegalame kun duudhaa kana qabatamaan haala mul’isuu danda’uun raawwatamaa jiraachuu ibsaniiru. Hojiin tajaajila tola ooltummaa eegalame toora xiyyeeffannoo adda bahan bu'ura gochuun jijjiirama qabatamaa fiduu akka danda'utti raawwii isaafis hordoffii fi deeggarsi eegalame cimee itti fufa jedhaniiru.
Diinagdee
Bara bajataa kana naannichatti omishaa fi oomishtummaa dabaluuf karoorfamee hojjetamaa jira
Jul 27, 2026 77
Adoolessa 20/2018 (ENA)- Naannoo Harariitti bara bajataa 2019 omishaa fi oomishtummaa dabaluu fi Qaala'iinsa jireenyaa tasgabbeessuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu Itti Aantuun Pirezidaantii Naannoo Hararii fi itti gaafatamtuun Biiroo misooma qonnaa naannicha Aadde Roozaa Umar ibsaniiru. Itti aantuun pirezdaantii fi itti gaafatamtuun Biiroo misooma qonnaa Aadde Roozaa Umar hojiiwwan bara 2019 hojjetamuuf karoorfaman ilaalchisee ibsa kennaniiru. Ibsa isaanii keessatti hojiiwwan oomishaa fi oomishtummaa guddisuuf hojjetamaniin bu'aaleen jajjabeessaan galmaa'uu ibsaniiru. Haaluma kanaan oomisha qonnaa dabaluu fi omishaa fi oomishtummaa guddisuuf hojiiwwan hojjetaman keessatti bu’aan jajjabeessaa argamuu eeraniiru. Keessattuu oomishaalee waggaa guutuu misoomuu danda’an keessaa boqqoolloon tokko ta’uu eeruun waqtiilee bonaa fi gannaas oomishamaa turuu eeraniiru. Naannichatti Bara bajataa 2018 xumurame keessatti lafti heektaara kuma 2 fi 160 boqqolloo misoomsuu eeruun; Bara kana gara lafa heektaara kuma 2 fi 378tti guddisuuf karoorfamuu ibsaniiru. Naannichatti bara baajataa darbe qamadii lafa hektaara tokkorraa kuntaala 32 oomishamee ture bara baajataa kanatti gara kuntaala 33tti guddisuuf karoorfamuu ibsuun, walumaa galatti oomisha kuntaala kuma 14 fi 850 ni abdatama jedhaniiru. Bara baajataa kanatti walumaagalatti lafti heektaarri kuma 11 fi 956 sanyiin kan facaafamu fi kana keessaa lafti heektaarri kuma 2 fi 378 irra Boqqoolloon akka facaafamu ibsaniiru. Kana malees hanqina roobaa dandamachuun oomisha hedduun kan irraa argamu oomisha mishingaa dachaan dabaluun fayyadamtummaa qonnaan bulaa mirkaneessuuf kan hojjatamu tahuu ibsaniiru. Dabalataaniis lafa heektaara kuma 4 fi 700 jallisii bonaatiin oomishaalee midhaanii, kuduraa fi hundee adda addaa kan oomishamu ta’uu fi lafti hektaarri 537 qonna magaalaatiin kan misoomu ta’uu ibsaniiru. Qonnaan bulaan hirkattummaa roobaa jalaa baasuu fi filannoo biroos akka fayyadamu gochuu himaniiru. Kanaafis dhiyeessii galteewwan qonnaa, qophii lafaa fi hojii ijaarsa dandeettii ogeeyyii qonnaatiis hojjetameera jedhan. Oomishtummaa misooma beeyladaa fi qurxummii guddisuufis xiyyeeffannoo addaatiin kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru. Galteewwan oomishaa fi oomishtummaa qonnaan bultootaa guddisan dhiyeessuu alattis baadiyaatti sagantaa maaddii madaalaawaa milkeessuuf qabame bu'a qabeessa taasisuuf mandaroota hanqaaquu 18 hundeessuuf akka hojjetamu ibsaniiru. Dabalataaniis lafa hektaara 600 irratti hojiiwwan eegumsa biyyee fi kunuunsa qabeenya uumamaa hawaasa hirmaachise akka hojjetamu ibsaniiru. Kana malees bara bajataa kanatti lakkoofsa gargaaramtummaa jiru gara zeerootti gadi buusuuf akka hojjatamu himaniiru.
Yunivarsiitiin Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa Mootummaa Emireetota Araba Gamtoomanii waliin ta’uun Laabiraatorii ammayyaa’aa ijaare mallattoo seenaa michummaa fi hariiroo tarsiimoowaa biyyoota lamaan gidduu jiru kan argisiisudha - Birgaader Jeneraal Kabbadaa Raggasaa
Jul 26, 2026 217
Adoolessa 19/2018 (ENA): Yunivarsitiin Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa Mootummaa Emireetota Araba Gamtoomanii waliin ta’uun Laabiraatorii ammayyaa’aa ijaare kun mallattoo seenaa michummaa fi hariiroo tarsiimoowaa biyyoota lamaan gidduu jiru kan argisiisu ta’uusaa Pirezidaantiin yuunvarsiitichaa Birgaader Jeneraal Kabbadaa Raggasaa ibsan. Yunivarsitiin Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa Mootummaa Emireetota Araba Gamtoomanii waliin ta’uun laabiraatorii ammayyaa’aa leenjiifi qorannoo ijaare hojii eegalchiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Ministira Ittisa Biyyaa Injiiner Ayishaa Mahaammad, Ministira Karooraafi Misoomaa Dr.Fitsum Asaffaa, Jeneraaloota Raayyaa Ittisa Biyyaa, bakka bu'oota Emireetota Araba Gamtoomanii akkasumas attaasheewwan waraanaa biyyoota garaa garaa argamaniiru. Laabiraatoorichi bal'ina kaaree meetira kuma 20 fi 850 irratti kan ijaarame yoo ta'u, meeshaaleen leenjiifi qorannoof tajaajilan kan guutamaniif ta’uu ibsaniiru. Pirezidaantiin Yuunivarsitii Raayyaa Ittisa Biyyaa Birigadeer Jeneraal Kabbadaa Raggasaa wayita sana akka dubbatanitti, pirojektichi beekumsa, kalaaqaafi qabeenya namaarratti invastimantii taasifamu misooma waaraafi nageenya biyyaalessaaf bu'uura ta'uu isaa kan mul’isudha jedhaniiru. Milkaa'ina pirojektichaaf gumaacha kan taasisan Mootummaa Emireetota Araba Gamtoomanii deggarsaafi murannoo argisiiseef galateeffataniiru. Kunis biyyoota obboleeyyaan lamaan gidduu hariiroo cimaafi mul'ata misoomaa waliinii jiru agarsiiftuu dabalataa ta'uusaa ibsaniiru. Laabiraatoorichi dameewwan hubannoo nam-tolchee(Artificial Intelligence), nageenya saayibarii (cyber security), maandisa quunnamtii,sirna ootomeeshiniifi to'annoo, maandisa Anniisaa, diizayinii 3D, misooma piroototaayipii fi siimuleeshinii naarsingii dabalatee tajaajiltoota sadarkaa Idil-addunyaa eegan qabaachuu isaa dubbataniiru. Kunis barnoota olaanaaf, qorannoo saayinsaawaaf, kalaqa teekinolojiif, misooma oomishaaf, furmaata maandisummaaf fi ce’umsa teekinoloojiitiif waltajii qindaa’aa akka uumu kaasaniiru. Milkaa'inni giddugalichaa meeshaalee qofa irratti osoo hin ta'in ogeeyyii gahumsa qaban kan horatu, qorannoo inni maddisiisu, kalaqa inni uumuufi gumaacha qabatamaa biyyaaf gumaachuun kan safaramu ta'uu ibsaniiru.  
Magaalichatti Qonna Ammayyeessuun Wabii Nyataa Mirkaneessuu Bira Darbee Gabaa tasgabeessuun Danda'ameera
Jul 25, 2026 186
Adooleessa 18/2018(ENA)- Magaalaa Sheggaritti sektara qonnaa ammayyeessuun wabii midhaan nyaataa mirkaneessuu bira darbee gabaa tasgabeessuun akka danda’ame sadarkaa Itti Aanaa Kantibaatti Qindeessaan Kilastara Qonnaa fi Misooma Magaalaa Shaggar Obbo Girmaa Haailuu ibsan. Gabaasni raawwii hojii qaamolee hordoffii fi raawwachiisaa yaa'ii idilee 14ffaa kurmaana 4ffaa bara baajataa 2018 har'a mana mareef dhiyeessera. Obbo Girmaa yeroo kanatti akka ibsanitti, bara bajataa kanatti jireenya qonnaan bulaa magaalattii fooyyessuuf qonna makanaayizeeshiiniin deeggaruu fi galteewwan qonnaa dhiyeessuuf hojii hojjetameen milkaa'inni argameera. Kun akka milkaa’u leenjiin, deeggarsii fi hordoffiin barbaachisaan taasifamuu isaa yaadachiisaniiru. Magaalichatti bara oomishaa 2017/18 waqtii gannatti lafa hektaara kuma 81 fi 538 midhaan adda addaatiin misoomsuun oomishni kuntala miiliyoona 3 tuqaa 4 argamuusaa dubbataniiru. Kunis oomisha hektaara tokkorraa argamu gara kuntala 42 tuqaa 2tti guddisuusaa gabaasni dhiyaate ni mul’isa. Kana malees mootummaan alergii biyyattii guddisuu, wabii nyaataa mirkaneessuu fi dinagdee jabeessuuf hojii misooma jallisiitiin lafa hektaara kuma 42 fi 613 irraa oomishni kuuntala miiliyoona 2 tuqaa 6 argamuus dabalanii ibsaniiru. Bara oomishaa kana lafa hektaara kuma 95 fi 500 misoomsuun oomisha kuuntala miiliyoona 4 tuqaa 5 argachuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu dubbataniiru. Keessattuu mekanayizeeshinii qonnaa guddisuun oomishtummaa qonnaa mirkaneessuuf hojii hojjetameen jijjiiramni ol'aanaan argamuu isaa ibsaniiru. Kanaan alatti qonnaan bulaan magaalattii rooba gannaa qofa eeggachuu jalaa ba'uun waqtii hundaatti oomishtummaa guddisuuf bishaan jallisi meetir kuubii miiliyoona 171 dhiyeessuun lafa hektaara kuma 42 fi 613 misoomsuun kan danda'ame yoo ta'u, kanaanis abbootii warraa kuma 42 fayyadamoo gochuun danda'amuu isaa gabaasa isaaniin ibsaniiru.
Misoomni kooriidaraa magaalaa Kamiseetti ijaarame hojii daldalaa kakaaseera
Jul 25, 2026 161
Adoolessa 18/2018(ENA)- Misoomni kooriidaraa magaalaa Kamiseetti ijaarame magaalattii miidhagsuun gamatti hojii daldalaa jajjabeessaa akka jiru jiraattonni magaalattii ibsan. Misoomni kooriidaraa ijaarame magaalattiif miidhagina dabalataa uumuun gamatti, invastimantiif, daldalaa fi jiraattotasheef akka mijattu taasiseera jechuun ibsan magaalattii keessatti daldalaa kan ta’an Ahimad Juhaar ENA’f yaada kennaniin. Misoomni kooriidaraa kun gaaffilee ummataa yeroo dheeraa kan deebise waan ta’eef fulla’aa fi bu’a qabeessa akka ta’u humnaa fi maallaqa keenyaan ni hirmaanna jedhaniiru. Hojiileen misoomaa yeroo ammaa dame garagaraan eegalaman akka itti fufan mootummaa cinaa dhaabbannee nageenya keenya eeggachaa dirqama nurraa eegamu ni baana jedhaniiru. Jiraattuun magaalichaa adde Xaayituu Asaffaa gamasaaniin, misoomni nuti barbaannu magaalaa keenya keessatti waan hojjetameef fayyadamoo taaneerra jechuun ibsaniiru. Misoomni kooriidaraa kun keessumaa bakkeewwan balfi itti gatamuu kan turanii fi ijaaf hin tolle miidhagsuudhaan asii fi achi deemuu fi bashannanaaf mijataa waan taasifamaniif bifa magaalattii jijjiiruusaa dubbataniiru. Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Kamisee Shariif Qaasiim gamasaaniin, nageenya magaalattii eegsisuun cinaatti misoomni hawaasa fayyadamoo taasisan hedduun hojjetamaa jiru jedhaniiru. Misooma kooriidaraa kanaan daandiin konkolaataa, bishkileetii fi lafoo adda baafamuun hojjetamuun gamatti bakkeewwan magariisaa fi bakkeewwan bummanni itti bashannanu of keessatti qabatee ijaaramuusaa ibsaniiru.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Humni namaa cehumsa dijitaalaa hubannoo nam-tolchee si’achiisu leenji’aa jira
Jul 25, 2026 264
Adoolessa 18/2018(ENA)- Humni namaa cehumsa dijitaalaa hubannoo nam-tolchee si’achiisu leenji’aa jiraachuu daarektarri olaanaa inistiitiyuutii hubannoo nam-tolchee Dr. Injiinar Warrquu Gaachanaa ibsan. Inistiitiyuutiin hubannoo nam-tolchee bakka Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa argamanitti yeroo jalqabaaf istaarti aappota hubannoo nam-tolcheen leenji’an eebbisiiseera. Daarektarri olaanaa inistiitiyuutichaa Dr. Injiinar Warquu Gaachanaa akka ibsanitti, cehumsi dijitaalaa humna namaa cimaa akkasumas bu’uraalee misoomaa amansiisaa gaafata. Inistiitiyuutiin kun yeroo gabaabaa hundeeffame keessatti biyyattii damee hubannoo nam-tolcheen fayyadamaa kan taasisan bu’aaleen hedduu argamuusaanii dubbataniiru. Dameee hubanno nam-tolcheetiin imaammannii fi tarsiimoon hubannoo nam tolchee Afriikaa keessatti yeroo jalqabaaf bocamuusaa, bu’aaleen rakkina furan oomishamuusaanii, ogeeyyota dijitaalaa ga’oomaa ta’an gabaa addunyaaf horachuun danda’amuu, bu’ura misoomaa hubannoo nam-tolchee diriirsuu fi bu’aaleen biroo argamuusaanii eeraniiru. Dameelee hundaan keessumaammoo dameelee dursi kennamuuf haqaa fi bulchiinsaa, mana murtii Ismaartii (mana murtii ammayyaa) fi buufata poolisii Ismaartii, fayyaa, tajaajila ummataa fi dameelee birootiin teeknooloojiiwwan ‘AI’n deeggaraman bal’inaan hojiirra ooluusaanii ibsaniiru. Milkaa’ina kanaaf misooma humna namaaf hojiileen gabbisa dandeettii Istaarti aappiin, Samar Kaampiin, maneen barnootaatti, dhaabbilee barnootaa olaanoo fi dhaabbilee biroo keessatti cimaan hojjetamuu isaatiini jedhaniiru. Eebbifamtoonni yeroo jalqabaaf inistiitiyuutii hubannoo nam-tolchee keessatti leenji’an bu’aalee dinagdee dijitaalaa sochoosuuf qophii ta’an, kan sakatta’aman, hojiirra oolanii fi gabaa keessa galuu danda’an dhiheessuusaanii ibsaniiru. Bu’aaleen kunneen tarsiimoon dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 qabatamatti cehuusaa akka agarsiisan dubbataniiru. Leenjifamtoonni bu’aalee teeknooloojii rakkoo furan fayyaa, barnoota, geejjiba, teeknooloojii afaanii, Ismaarti siitii, faayinaansii fi misooma namaarratti hojjetan agarsiisa qophaa’erratti dhiheessaniiru.
Itiyoophiyaan Hubannoo Namtolcheetiin addunyaa egeree ilaacha keessa galchuun faayidaa biyyaalessaa ishee eegsisuu kan dandeessisu humna namaa horachaa jirti.
Jul 25, 2026 165
Adoolessa 18/2018 (ENA): Itiyoophiyaan Hubannoo Namtolcheetiin addunyaa egeree ilaacha keessa galchuun faayidaa biyyaalessaa ishee eegsisuu kan dandeessisu humna namaa horachaa jirti jedhan Itti Aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Inistiitiyuutiin hubannoo namtolchee Itiyoophiyaa bakka itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa argamanitti inistituutiin hubannoo namtolchee Itiyoophiyaa leenjitoota ji’oota jahan darban keessa leenjisaa ture eebbiseera. Itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa sirna eebbaa kanarratti akka jedhanitti, hubannoon namtolchee egeree addunyaa bocuu fi murteessaa jira. Itiyoophiyaanis carraa kana fayyadamummaa biyyaalessaatiif akka fayyadamtuu fi egeree addunyaa bu’a qabeessa ta’een akka bocuuf dhaloonni dirree irratti argamu leenjisuunii fi dammaqsuuf tarkaanfii fudhachaa jirti jedhani. Kanaaf leenjifamtoonni sistaartaappii(tartup )Inistiitiyuutii hubannoo namtolchee Itiyoophiyaa irraa eebbifaman fakkeenya guddaa ta’uu ibsaniiru. Eebbifamuun bakka gahumsa dhumaa osoo hin taane, jalqaba imala dheeraa ta’uu ibsuun, leenjifamtoonni leenjii isaanii keessatti beekumsaa fi ofitti amanamummaa akka horatan dubbataniiru obbo Tamasgeen Xurunaan. Itti dabaluunis hojii kalaqaa isaanii qulqullinaan guddifachuu fi furmaata biyya fayyadu dhiyeessuun ambaasaaddara teeknooloojii Itiyoophiyaa damee kanaan dorgomtuu taasisu ta’uu akka qaban dhaamaniiru. Dhaabbileen mootummaa fi miti mootummaas imala fakkeenyummaa inistiitiyuutichaa akka hordofan waamicha dhiyeessaniiru. Itiyoophiyaan misooma jalqabbiitiin ofii qofa osoo hin taane dargaggoota Afrikaa hunda akka fayyadduuf hojiin itti fufiinsa qabu cimee akka itti fufu mirkaneessaniiru. Dhumarrattis, dhaabbilee jalqabaa eebbifamaniif jireenya hojii gaarii fi milkaa’aa akka qabaatan hawwaniiru. Agarsiisa guyyaa kana qophaa’e irratti leenjifamtoonni bu’aa teeknooloojii rakkoo furuu gama fayyaa, barnoota, geejjibaa, teeknooloojii afaanii, magaalota ismaartii, faayinaansii, fi misooma namaatiin hojjetan agarsiisaaf dhiyeessaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI # Ena #
Beekumsaa fi ogummaa keenyaan hiree biyya keenyaa ni bocna- Obbo Tamasgeen Xurunaa
Jul 25, 2026 167
Adoolessa 18/2018 (ENA) : Beekumsaa fi ogummaa keenyaan hiree biyya keenyaa ni bocna jedhan Itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Haaluma kanaan bu’aa tattaaffii hubannoo namtolchee keenyaa arguu jalqabneerra obbo Tamasgeen Xurunuun. Leenjitoonni yeroo jalqabaaf baatiiwwan jahan darbaniif Giddugala ‘AI Istaart Aappi’tti leenji’aa turan eebbifamaniiru.   Obbo Tamasgeen Xurunaa wayita kana xiyyeeffannoo addaa mootummaan Itiyoophiyaa damichaaf kenneefi kallattii Inistiitiyuutii Hubannoo Namtolcheef kaa’een giddugalli kun akka dhugoomuuf qoodni isaa olaanaadha jedhan. Hoggansa Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad damicha guddisuuf bahataniifis galateeffataniiru. Baatiiwwan jahan darbanitti Inistiitiyuutii Hubannoo Namtolee Itiyoophiyaatti Giddugala ‘’AI Staart Up’f’’ leenjiin teekinikaa, ogummaa misooma oomishaa akkasumas tarsiimoo gabaa bal’inaanii fi bifa qindaa’aa ta’een kennamuu ibsaniiru. Giddugalichi leenjii Istaartaappotaaf kennuurra darbee bakka hojii mijataa, woorkishooppii hubannoo namtolchee sadarkaa isaa eeggate, giddugala daataa Kilaawudii fi riisoorsii kompiyuutiishinaalaa olaanaa akka fayyadaman taasiseera jedhan. Dabalataanis, koonfiransiiwwan idil-addunyaafi biyyaalessaa irratti akka hirmaatan gochuun qorattoota olaanoo hubannoo namtolchee inistiitiyuutichaan deeggarsiifi hordoffiin akka godhamuuf taasifamuu ibsaniiru.   Deeggarsi kunis dargaggoonni kennaa isaanii gara carraa guddaatti akka jijjiiraniif haala mijataa uumuufii eeruun, isin ambaasaaddara teeknooloojii Itiyoophiyaati; imala teeknooloojii Itiyoophiyaaf carraaquu qabdu jedhaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI # Ena #
Jijjiiramni Magaalaa Finfinneetti argame magaalittii gara wiirtuu Turizimii Afriikaatti ishee guddiseera-Komishinara Hundee Kabbadaa
Jul 25, 2026 133
Adoolessa 18/2018 (ENA): Jijjiiramni bal’aan Finfinneetti adeemsifame magaalattiin giddugala Turizimii ardii irraa gara wiirtuu Turizimii Afrikaatti akka jijjiiramtu ishee taasiseera jedhan Komishinarri Tuurizimii Finfinnee Hundee Kabbadaa. Dhaabbanni miidiyaa Palsi Of Afriikaa(POA) fi Komishiniin Tuurizimii Finfinnee damee Turizimii irratti walitti dhiyeenyaan hojjechuuf waliigaltee tumsaa waliif mallatteessaniiru. Waliigaltee kana kan mallatteessan hoji gaggeessaan ENA obbo Seeyifee Darribee fi Komishinara Komishinii Tuurizimii Magaalaa Finfinnee Hundee Kabbadaadha.   Komishinar Hundee Kabbadaa sirna waliif mallatteessuu kanarratti akka ibsanitti, waliigaltichi hariiroo hojii kanaan dura jiru irratti sona guddaa dabaluu fi sadarkaa walta’iinsa olaanaatti kan ceesisu ta’a jedhani. Waliigaltichi hojiiwwan Turiizimii hunda galeessa Finfinnee bal’inaan beeksisuudhaan sochii Turizimii cimsuu fi guddina damichaa saffisiisuuf gumaacha olaanaa akka taasisu ibsaniiru. Magaalaan Finfinnee waggoota darban keessa bakkeewwan gahumsa Turizimii hedduu fi bu’uuraalee misoomaa ammayyaa ijaaramaniin moodeela magaalaa i ta’uus akka dandeesse ibsaniiru. Fakkeenyaaf, Finfinneen wiirtuu Turizimii konfiraansii ardii kanaa keessatti adda duree ta’uu ibsuun, bara baajataa xumurame keessatti konfiraansii idil-addunyaa 221 milkaa’inaan keessummeessuu ishee ibsaniiru.   ENA’n dantaa biyyaalessaaf dursa kennuun, bifa biyyaalessaa ijaaruu, tokkummaa ummataa cimsuuf ciminaan hojjechaa jiraachuu kan ibsan immoo hojii gaggeessaa olaanaa ENA obbo Seeyifee Darribeedha ENA’n dhaabbata seenaa keessatti adda duree ta’ee fi deeggarsa odeeffannoo fi oduutiin ummatoota Afriikaa koloneeffannaa jalaa bilisa baasuu keessatti gahee ijaarsaa taphate ta’uu yaadachiisaniiru. Yaada Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin kan hundeeffame Palsi of Afriikaan(POA), mul’ata Paan-Afrikaazimii abbootii keenyaa itti fufsiisuuf dhaabbata jalqabame ta’uu yaadachiisaniiru. Dhaabbanni miidiyaa Puulsii Afrikaa (POA) yeroo ammaa kana waa’ee Afrikaa seeneffama jallaa sirreessuu fi ardii kana dhugaa qabatamaa ta’een dhiyeessuun suuraa idil-addunyaa fooyya’aa ijaaruuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Haala kanaan fayyadamummaa Turizimii fi bu’aa misoomaa Finfinnee bal’inaan daawwattoota biyya keessaa fi alaa biratti beeksisuuf gahee olaanaa qaba jedhan. Waliigalteen tumsaa kun, suuraa magaalattii guddisuu bira darbee, Afriikaanonni waa’ee pirojektoota misoomaa Finfinnee akka baratan gochuudhaan, yaa’insa Turizimii guddisuuf gumaacha olaanaa akka qabaatu ibsaniiru. Dabalataanis waliigalteen tumsaa kun bu’aa qabatamaatti kan jijjiiramu ta’uu fi afaanota biyya keessaa fi idil-addunyaa irratti xiyyeeffachuun dandeettii Turizimii magaalaa Finfinnee addunyaatti beeksisuuf tattaaffiin akka taasifamu mirkaneessaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI # Ena #
Ispoortii
Ciminni Ispoortii ummataa dhaloonni fayyaa buleessi akka jiraatu gochuun olitti duudhaa waloomaa niguddisa
Jul 11, 2026 2322
Adoolessa 4/2018 (ENA)- Ciminni Ispoortii ummataa dhaloonni fayyaa buleessi akka jiraatu gochuun olitti duudhaa waloomaa kan guddisu ta’uu komishiniin ispoortii naannoo Hararii beeksise. Magaalaa Hararitti kan argamu bakka bashannanaa Abaadir Pilaazaatti sosochiin qaamaa gaggeeffameera. Hoggantoonni olaanoo naannichaa, qopheessitoonni fiigicha guddichaa Itiyoophiyaa, hojjettoonni waajjiraalee sektarootaa, dargaggoonni, daa’immanii fi jiraattonni magaalaa hedduun saganticharratti argamaniiru. Komishinariin komishinii ispoortii naannichaa obbo Muraad Abdii wayita kana akka jedhanitti, sosochiin ga’umsa qaamaa cimina qaamaa guddina sammuu akkasumas lammii fayya buleessaa fi ga’oomaa horachuuf faayidaa inni qabu ibsaniiru. Sosochiin ga’umsa qaamaa faayidaa fayyaarra darbee duudhaa waloomaa lammiilee kan guddisuu fi dhaloota ofitti amanu bocuuf faayidaa olaanaa akka qabu dubbataniiru. Hojiiwwan ispoortii kana fakkaatan cimanii akka itti fufan komishinarichi hubachiisaniiru. Komishinariin komishinii turizimii naannoo Hararii Saamii Abdulwaasii gamasaaniin, damee turizimii naannichaa guddisuuf misoomni kooriidarii fi hojiiwwan eegumsa hambaa bal’inaan hojjetamaniiru jedhaniiru. Haala Kanaan hambaalee balaarra jiran baraaruuf gargaaruurra darbee, magaalaa Harar jiraattotaa fi daawwattootaaf caalaatti miidhagduu, hawattuu gochuun danda’amuusaa eeraniiru. Adoolessa 12 bara 2018 naannichatti mata duree “Fiigicha golambaa jiraataatti” jedhuun dorgommiin sadarkaa guutuu biyyaatti akka gaggeeffamu eeranii dorgommichi turizimii ispoortii beeksisuuf hojii hojjetamu keessaa tokko ta’uu dubbataniiru.
Ijaarsi Bu'uuraalee misoomaa Itiyoophiyaa gidduu-gala ispoortii Afriikaa fi Addunyaa taasisan cimee itti fufeera
Jun 29, 2026 3700
Waxabajjii 22/2018 (ENA): Itiyoophiyaa giddu-gala ispoortii Afriikaa fi Addunyaa taasisuuf hojiileen misooma dippilomaasii fi bu'uuraalee misooma ispoortii raawwatamaa jiraachuu Ministeerri Aadaa fi Ispoortii beeksise. De’eetaan Ministira Aadaa fi Ispoortii Makiyyuu Mahaammad ENA’f akka ibsanitti,jijjiirramaa booda damee misooma ispoortiif xiyyeeffannoon kenname jijjiirrama dachaa galmeessisuu danda’eera jedhani. Waltajjiiwwan Idil-Addunyaa irratti bakka bu'insa Itiyoophiyaa guddisuudhaan bifa biyyattii ijaaruu fi dippilomaasii ispoortii jabeessuuf hojjetamaa jira jedhaniiru. Kanaanis hoggantoonni waldaalee Ispoortii biyyaalessaa 14 sadarkaa Ardii fi Idil-Addunyaatti hogganaa ta'anii tajaajilaa akka jiranii fi hojiin kun cimee akka itti fufu dubbataniiru. Itiyoophiyaanonni waltajjii dorgommii ispoortii Idil-addunyaa irratti hirmaannaa fi bu'aa qabeessummaan isaanii dabalaa jiraachuu isaas ibsaniiru. Itiyoophiyaan sagantaalee Ispoortii sadarkaa Ardii fi Idil-Addunyaa keessummeessaa jiraachuu ishee eeranii, kunis bifa biyyattii ijaaruu keessatti shoora olaanaa akka qabu ibsaniiru. Finfinnee giddu-galeessa sagantaalee isportii Afriikaa fi addunyaa gochuudhaan Itiyoophiyaa damee kanaan caalaatti fayyadamtuu taasisuuf xiyyeeffannoodhaan hojjetamaa jira jedhan. Kanaafis hojiileen babal'isuu bu'uuraalee misooma ispoortii sadarkaa isaanii eeggatan raawwatamaa jiraachuu kaasanii, Istadiyeemoonni gurguddoon shan sadarkaa idil-addunyaa akka guutan hojjetamaa jira jedhaniir
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Ashaaraan Magariisaa mallattoo hambaa dippilomaasii Itiyoophiyaa fi tokkummaa biyyaalessaati
Jul 25, 2026 205
Adoolessa 18/2018 (ENA): Sagantaan Ashaaraa Magariisaa mallattoo hambaa dippilomaasii Itiyoophiyaa fi tokkummaa biyyaalessaa ta’uu Waajjira Ministira Muummeetti Ministirri Qindeessaa Giddugala Ijaarsa Dimokiraasii Dr. Biqilaa Hurrisaa himaniiru. Miseensonni hoggansa ENAfi mata duree “Abdii Haa Dhaabnu” jedhuun Ashaaraa Magariisa isaanii magaalaa Bishooftuu qarqara haroo Hora Arsadii irratti kaa’aniiru. Dr. Biqilaa Hurrisaan Ministira Qindeessaa Giddugala Ijaarsa Dimokiraasii Waajjira Ministira Muummee fi Dura taa’aan Boordii ENA akka jedhanitti, Ashaaraan Magariisaa jalqabbii biyyaalessaa dirree idil-addunyaa irratti maqaa Itiyoophiyaa guddisaa jirudha.   Ce'umsa biyyaalessaa booda Itiyoophiyaatti biqiltuuwwan biliyoonaan lakkaa'aman dhaabuun biyyattiin gara diinagdee magariisaatti ce'uu ishee qabatamaan kan agarsiisu ta'uu ibsaniiru. Ajandaan Magariisaa hojii eegumsa naannoo biyya keessaa bira darbee, tumsa naannoo keessatti ergaa dippilomaasii haaraa dabarsuu isaa hubachiisaniiru. Itiyoophiyaan biyyoota ollaatiif furmaata kennuu fi muuxannoo eegumsa naannoo waliif qooduun walitti dhufeenya naannoo cimsaa jiraachuu eeruun, kunis bu’aa dippilomaasii hedduu argamsiisaa jira jedhani. Jijjiirama qilleensaa ittisuuf tarkaanfiiwwan qabatamaan fudhanne addunyaan akka muuxannootti fudhachaa akka jirus hubachiisaniiru. Kunis Itiyoophiyaan beekamtii fi dinqisiifannaa idil addunyaa akka argattu taasiseera jechuun ibsaniiru. Akkasumas, Ajandaan Ashaaraa Magariisaa ajandaa misooma biyyaalessaa hirmaannaa waloo lammiilee guddisuun, amantii, umurii, saalaan osoo hin daangahiin kaayyoo tokko irratti kan walitti fide ta’uu himaniiru. Sagantaan kun dhimma biyyaalessaa irratti waliin hojjechuun barbaachisaa ta’uu kan agarsiisuu fi tokkummaa biyyaalessaa cimsuu isaa hubachiisaniiru. Gama diinagdeetiin, Ashaaraan Magariisaa oomishaa fi oomishtummaa guddisuun, akkasumas sadarkaa maatiitti jireenya fooyya’aa uumuudhaan dinagdee baadiyyaa fi magaalaa cimsuun gumaacha taasisaa akka jiru ibsaniiru.   Hojii gaggeessaan olaanaa ENA obbo Saayifee Darribee gama isaaniitiin, ENA’n akka dhaabbataatti sagantaa Ashaaraa Magariisaa keessatti hirmaannaa isaa cimsuu itti fufeera jedhan. Magaalaa Bishooftuutti biqiltuu dhaabuun hojii Ashaaraa Magariisaa ENA’n Ganna kana gaggeesse isa lammataa ta’uu ibsuun, gara fuulduraattis naannolee keessatti sagantaalee biqiltuu dhaabuu adda addaa gaggeessuu akka itti fufu ibsaniiru.   Akkasumas ENA’n hojii lammiilee Ashaaraa Magariisaa irratti dammaqinaan akka hirmaatan beeksisuu fi sochoosuu akka itti fufu mirkaneessaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI # Ena #
Hojiin eegumsa naannoo Itiyoophiyaa beekamtii Ardii fi Idil-Addunyaa argachuun ijaarsa bifa biyyattiif gumaacha olaanaa taasisaa jira
Jul 25, 2026 151
Adoolessa 18/2018 (ENA): Hojiin eegumsa naannoo Itiyoophiyaa beekamtii ardii fi idil-addunyaa argachuun bifa biyyattiif gumaacha olaanaa taasisaa jiraachuu Daarektarri Olaantuun Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Dr. Injiinar Lalisee Namee ibsaniiru. Duulli eegumsa naannoo biyyaalessaa magaalaa guutuu mata duree “Itiyoophiyaa Qulqulluu;Dhalootaaf” jedhuun kan gaggeeffamu marsaa sadaffaan ifatti eegalameera.   Daarektarri Olaantuun Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Dr. Injiinar Lalisee Namee wayita sana akka jedhanitti, Hojiin eegumsa naannoo Itiyoophiyaa beekamtii ardii fi idil-addunyaa horachuun bifa biyyattiif gumaacha olaanaa taasisaa jira. Hojiin eegumsa naannoo lammiileen naannoo eeguun naannoo fayya qabeessaa fi qulqulluu ta’e keessa akka jiraataniif haala dandeessisu uumuus ibsaniiru. Sochii Itiyoophiyaa Qulqulluu marsaa sadaffaatiin ji’a tokkoffaan balfa pilaastikaa, ji’a lammaffaa balfa balaafamaa fi elektirooniksii, ji’a sadaffaan ammoo hojiin ittisa faalama sagalee kan hojjetamu ta’a.   Itti aanaan kantiibaa magaalaa Finfinnee fi Hogganaan Biiroo Misooma Industirii obbo Jaanxiraar Abbay akka jedhanitti, Magaalichatti pirojektoonni bu’uuraalee misoomaa koridaraa fi qarqara lagaa naannoo fi fayyaa lammiilee waliin walsimsiisuun ijaaramaa jiru. Magaalaa Finfinneetti lakkoofsi buufataalee warshaalee bishaan xuraa’aa qulqulleessan gara 44tti ol guddisuun, uwwisni bishaan xuraa’aa magaalichaa qulqulleessu gara dhibbeentaa 43tti ol guddachuu ibsaniiru. Hojii uwwisa magariisaa magaalichaa haalaan guddisuuf hojjetamaa jiru keessatti lageen 76 kiiloo meetira 600 uwwisan faalama irraa eeguun tattaaffiin guddaan taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.   Hogganaa Waliigalaa Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Magaalaa Finfinnee kan ta’an Dr. Isheetuu Lammaa gama isaaniin akka himanitti, qulqullinni mul’ata qaroomina magaalaa ta’uu ibsuun, hawaasni hundi sochii kana keessatti dammaqinaan akka hirmaatu waamicha dhiyeessaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI # Ena #
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 28859
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti - Itti aanaa Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa
Jun 9, 2026 14846
Waxabajji 2 /2018 (ENA): Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti jedhani itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan muummee ministiraa Pirojektoota misoomaa adda addaa magaalaa Woldiyaatti ijaaraman eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Yeroo eebba kanaatti pirojektoonni misoomaa eebbifaman imala biyyattiin gara fuulduraatti taasiftu kan agarsiisan yoo ta’u, guddinni Itiyoophiyaa eenyullee dhaabuu akka hin dandeenye kuni ragaadha jedhan. Itti aanaan ministira muummee kun ummanni magaalaa Woldiyaa finxaaleyyii fi qoqqoodinsa mormuudhaan kan beekamu ta’uu ibsuun, filannoon isaanii irra deddeebiin nagaa fi mootummaa cimaa ta’uu isaa kan argisiisu ta’uu ibsaniiru.   Mootummaan baandota irratti qabsaa’aa jira jedhani. Waggoota 50 fi 60 darbaniif warri yaada dulloomaatiin qabaman guddina ariifataa biyyattii hubachuu akka hin dandeenyes ibsaniiru. Warri bosona keessa jiran jijjiirama guddaa biyyatti dhufe kan akka misooma koridarii, maaddii guutuu, pirojektoota misoomaa fi oomisha qamadii arguu akka hin dandeenye dubbataniiru. Misoomni koridarii magaalota keessatti gaggeeffamaa jiru dhimma bareedinaa qofa osoo hin taane magaalota ammayyeessuun sadarkaa jireenyaa ummataa ol kaasuuf kaayyoo ta’uu ibsaniiru. Magaalonni Itiyoophiyaa magaalota Baha Afriikaa fi addunyaa waliin dorgomuu akka qaban ibsaniiru; akkasumas tajaajila ammayyeessuuf tajaajilli giddugala tokkoo guutuu biyyattiitti babal’achaa akka jiru hubachiisaniiru. Manneen kitaabaa ummataa, manneen kitaabaa dijitaalaa fi kaffeewwan saayinsii magaalaa Woldiyaatti ijaaraman odeeffannoo guyyaa guyyaa irraa gara beekumsaa fi qorannoo gadi fagootti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan, abbootii qabeenyaa fi ummanni pirojektoota misoomaa eegalaman gara baadiyyaatti babal’isuun badhaadhina biyyattii dhugoomsuuf waliin hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 15185
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015