Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Tumsi siyaasaa dinagdee fi misoomaa Itiyoophiyaa fi Jarman caalaattu cimee itti ni fufaa
Jan 22, 2026 23
Amajjii 14/2018(ENA)- Tumsi siyaasaa, dinagdee fi misoomaa Itiyoophiyaa fi Jarman caalaattu cimee akka itti fufu ministirri dhimma alaa doktar Geediyoon Xiimootiwoos ibsan. Ministirri dhimma alaa doktar Geediyoon Xiimootiwoos ministira dhimma alaa rippaabiliikii Jarman Jo’an Wadfulni waliin har’a mari’ataniiru. Ministirri dhimma alaa doktar Geediyoon Xiimootiwoos marii kana ilaalchisuun ibsa kennaniin, Itiyoophiyaa fi Jarman biyyoota tumsa gam-lamee turee fi cimaa qabanidha jedhaniiru. Barri 2018 bara addaa waggaa 120ffaa hariiroo dippilomaasii itti eegalan kan kabajan ta’uu eeranii, michooma bara dheera biyyoota lamaan jidduu jiru caalaatti guddisuuf walii galteerra gahamuu dubbataniiru. Walgahiin ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimadii fi Chaansilariin rippaabiliikii Jarman Olaaf Sholzi yaa’ii hoggantoota garee 20 (G-20) cinaatti gaggeessan tumsaa olaanaa fi kaka’umsa uumeera jedhan. Daawwannaan ministira dhimma alaa Jarman kun agarsiiftuu fedhii kanaa ta’uu eeraniiru. Hoggantoonni lamaan marii gaggeessaniin mariin siyaasaa gam-lamee fi komishinii ministirootaa waloo hojmaattota gam-lamee turan irra deebiin eegalchiisuuf walii galteerra gahamuu eeraniiru. Tumsa siyaasaa, dinagdee fi misoomaa biyyoota lamaan jidduu jiru caalaatti cimsuuf marii gaggeessaniin walii galteerra gahamuu yaadachiisaniiru. Ministirri dhimma alaa rippaabiliikii Jarman Jo’an Wadfuln gamasaaniin, Itiyoophiyaa fi Jarman hariiroo bara dheeraa akka qaban eeranii, Jarman hariiroo Itiyoophiyaa waliin qabdu caalaatti akka cimsitu mirkaneessaniiru. Tattaaffii Itiyoophiyaan riijinichatti nagaa fi tasgabbii buusuuf taasiftu ministirichi dinqisiifatanii, ijaarsi buufata xiyyaaraa idil addunyaa Bishooftuu dinagdee cimaa ijaaruuf murteessaa ta’uu dubbataniiru. Kaampaaniiwwan Jarman ijaarsa kanarratti hirmaachuuf fedhii akka qaban ibsaniiru. Yeroo jijjiiramaa kanatti hariiroo keenya cimsuu fi eeguu qabna kan jedhan ministirichi, seenaan dippilomaasii waggaa 120 bu’ura cimaa ta’uu ibsaniiru.
Magaalota Itiyoophiyaa Wiirtuu Badhaahinaa gochuun haala mijataa magaalaa uumuuf tattaaffiin taasifamaa jiru bu’aa qabeessa ta’aa jira
Jan 22, 2026 23
Amajjii 14/2018(ENA)- Magaalota Itiyoophiyaa Wiirtuu Badhaahinaa gochuun jiraattotaaf magaalaa mijataa uumuuf tattaaffiin taasifamaa jiru bu’aa qabeessa ta’aa jiraachuu Ministirri Magaalaa fi Bu’uura Misoomaa Caaltuu Saanii ibsan. Ministirri Magaalaa fi Bu’uura Misoomaa fi Biig wiin Filaantiroop waliigaltee walta’iinsaa mul’ata ijaarsa bu’ura misoomaa Magaalota Itiyoophiyaa fakkeenya Badhaahinaa gochuuf taasifamu deeggaru mallatteesaniiru. Wayita sana sagantaa galii walitti qabuu Imala Tiraanisfoormeeshinii Magaalota Itoophiyaa saffisiisan ifoomsaniiru. Wayita sana Ministirri Magaalaa fi Bu’uura Misoomaa Caaltuu Saanii babalachuun magaalota Itiyoophiyaa guddina dinagdee fi carraa hojii uumuuf madda qabeenyaa murteessaaf ta’anii tajaajilaa jiru jedhaniiru. Sagantaan galii walitti qabuu magaalotaa haaraan bu’uuraalee misoomaa magaalotaa fi tajaajila bu’uuraa humna galii ofiin sirna itti deeggaran akka uumu dubbataniiru.   Sadarkaa biyyaatti sirna Bulchiinsa Taaksii qabeenyaa ammayyeessuun humna madda galii magaalotaa kan fooyyeessu kaadastara biyyoolessaa, Liizii lafaa fi hojmaatni taaksii Qabeenyaa uumamuu kaasaniiru. Liqaan, deeggarsa Mootummaa fi dhuunfaan dameen dhuunfaa ijaarsa bu’uuraalee misoomaa magaalotaa kan deeggaran sirni dhiheessiin faayinaansii diriirfamuu ibsaniiru. Magaalota Itiyoophiyaa Wiirtuu Badhaahinaa gochuun jiraattotaaf magaalaa mijataa uumuuf carraaqqiin taasifamu ija godhachaa jira kan jedhan ministirri kun,fakkeenya magaalota Afriikaa taasisuuf tattaaffiin taassifamu cimee itti fufa jedhaniiru. Sagantaa Tiraanisfoormeeshinii galii walitti qabuu magaalota Itiyoophiyaa milkaa’inaan gaggeessuuf Naannoolee fi Bulchiinsota magaalaa waliin dhiheenyaan kan hojjetu gareen teeknikaa akka hundeeffamu ibsaniiru.
Itiyoophiyaan bulchiinsa qabeenya bishaanii fi hojiilee misooma sululssrratti hojiiwwan bu’a qabeessa ta’an hojjechaa jirti
Jan 22, 2026 18
Amajjii 14/2018(ENA) - Itiyoophiyaan bulchiinsa qabeenya bishaanii fi misooma sululaa irratti hojiiwwan bu’a qabeessa ta’an hojjechaa jiraachuu Ministirri Bishaanii fi Inarjii doktar Injiinar Habtaamuu Ittafaa ibsan. Ministeerri Bishaanii fi Inarjii bara baajata bara 2018 gamaaggama raawwii karoora ji'a 6 magaalaa Naqamteetti gaggeessaa jira. Doktar Injiinar Habtaamuu Ittafaan wayita sana akka jedhanitti, baroota darbe qabeenya bishaanii haala gaariin misoomsuun itti fayyadamuuf tarkaanfiiwwan fudhataman bu’aa gaarii argamsiisaniiru.   Itiyoophiyaan kan hordoftu itti fayyadamaa fi bulchiinsi qabeenya bishaanii haqa qabeessaa fi madaalawaa ta’een hojii misoomaa saffisiisuu keessattis gahee olaanaa qaba jedhan. Itiyoophiyaan bulchiinsa qabeenya bishaanii fi misooma bishaan sululaa irratti hojiiwwan bu’a qabeessa qabatamaa hojjetteetti jedhan. Gama biraatiin ministeerichi misooma bishaan kuufamaa fi fooyya’iinsa jireenyaa naannoo gammoojjiitti hojiiwwan abdachiisaa ta’e hojjechaa jiraachuu eeraniiru.   Qabeenya bishaaniin dabalatatti qabeenya anniisaa sirnaan adda baasuu fi hojiirra oolchuun itti fayyadamuu akka barbaachisu himaniiru. Waltajjii kana irratti Miseensonni Mana Maree Bakka Bu'oota ummataa, hoggantoonni Biiroo Bishaanii fi Inarjii Mootummaa Federaalaa fi Naannoolee, akkasumas Bulchiinsa magaalota lamaanii hirmaataniiru.
Lakkoofsi Dhaabbilee Diinagdee Ce’umsa Caaseffama Dinagdee  saffisiisuuf  ni gargaara
Jan 22, 2026 22
Amajjii14/2018(ENA)-Lakkoofsi Dhaabbilee Dinagdee Milkaa’inoota damichaan argaman itti fufsiisuu fi ce’umsa Caaseffama Diinagdee saffisiisuuf kan deeggaru ta’uu Tajaajilli Istaatistiksii Itoophiyaa beeksise. Tajaajilichi ogeessota Lakkoofsa Dhaabbilee Diinagdee marsaa 2ffaa bakkeewwan biyyattii adda addaatti gaggeeffamurratti hirmaataniif Leenjii Ijaarsa dandeettii kennuu eegaleera. Tajaajilla Istaatistiksii Itoophiyaatti Qindeessaan teeknikaa Lalisaa Bashoo haasaa BaninsaaLeenjicharrattitaassisaniin, lakkoofsi dhaabbilee Diinagdee gaggeeffamuun qaamoleen murtii kennan odeeffannoo qulqullina qabu bu’uura godhatanii kennuuf ni gargaara jedhaniiru. Lakkoofsichaan Intarpiraayizoonni Olaanoon,Gidduugaleessaa fi xixiqqaan guutuu biyyattii keessatti argaman kan hammataman yoo ta’u, lakkoofsichi magaalota hundatti manaa manatti irra deemuun , baadiyaatti immoo saamuda fudhachuun ni gaggeeffama jedhaniiru. Lakkoofsi dhaabbilee Diinagdee Milkaa’inoota damichaan argaman ittifufsiisuu fi caaseffama Ce’umsa Diinagdee saffisiisuuf akkasumas yaadawwan imaammata filannoo maddisiisuuf shoora guddaa qabaachuu hubachiisaniiru.   Naannoo Oromiyaarraa Lakkoofsa Dhaabbilee Diinagdeerratti kan hirmaatan Baaleerra, Baalee Bahaa, Arsii Lixaa, Boorana Bahaa akkasumas Nannoo Somaaleerraa godina Liiban keessaa kan dhufan ogeeyyiin damichaa734 tiif leenjiin kan kennamu ta’uu kaasaniiru. Lakoofsichi Imaammataa fi Tarsiimoowwan damichaan qophaa’aniif galtee sirrii argachuuf akka gargaaru eeruun, hirmaattonni leenjichaas leenjii kennamu sirnaan hordofuun itti gaafatamummaasaanii akka bahan dhaamaniiru.   Hogganaan Waajjira Tajaajila Istaatistiksii Itoophiyaa damee Baalee Gobbaa Shimallis Asaffaa gamasaaniin, leenjichi namoonni Ragaa walitti qaban beekumsa odeeffannoo Amanamaa walitti qabuuf isaan dandeessisu argachuuf ni gargaara jedhaniiru. Lakkoofsi dhaabbilee Dinagde guutuu biyyattiitti Fulbaana 1 bara 2018 eegalee gaggeffamaa jiraachuun ni beekama.
Kan mul'ate

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa
Tumsi siyaasaa dinagdee fi misoomaa Itiyoophiyaa fi Jarman caalaattu cimee itti ni fufaa
Jan 22, 2026 23
Amajjii 14/2018(ENA)- Tumsi siyaasaa, dinagdee fi misoomaa Itiyoophiyaa fi Jarman caalaattu cimee akka itti fufu ministirri dhimma alaa doktar Geediyoon Xiimootiwoos ibsan. Ministirri dhimma alaa doktar Geediyoon Xiimootiwoos ministira dhimma alaa rippaabiliikii Jarman Jo’an Wadfulni waliin har’a mari’ataniiru. Ministirri dhimma alaa doktar Geediyoon Xiimootiwoos marii kana ilaalchisuun ibsa kennaniin, Itiyoophiyaa fi Jarman biyyoota tumsa gam-lamee turee fi cimaa qabanidha jedhaniiru. Barri 2018 bara addaa waggaa 120ffaa hariiroo dippilomaasii itti eegalan kan kabajan ta’uu eeranii, michooma bara dheera biyyoota lamaan jidduu jiru caalaatti guddisuuf walii galteerra gahamuu dubbataniiru. Walgahiin ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimadii fi Chaansilariin rippaabiliikii Jarman Olaaf Sholzi yaa’ii hoggantoota garee 20 (G-20) cinaatti gaggeessan tumsaa olaanaa fi kaka’umsa uumeera jedhan. Daawwannaan ministira dhimma alaa Jarman kun agarsiiftuu fedhii kanaa ta’uu eeraniiru. Hoggantoonni lamaan marii gaggeessaniin mariin siyaasaa gam-lamee fi komishinii ministirootaa waloo hojmaattota gam-lamee turan irra deebiin eegalchiisuuf walii galteerra gahamuu eeraniiru. Tumsa siyaasaa, dinagdee fi misoomaa biyyoota lamaan jidduu jiru caalaatti cimsuuf marii gaggeessaniin walii galteerra gahamuu yaadachiisaniiru. Ministirri dhimma alaa rippaabiliikii Jarman Jo’an Wadfuln gamasaaniin, Itiyoophiyaa fi Jarman hariiroo bara dheeraa akka qaban eeranii, Jarman hariiroo Itiyoophiyaa waliin qabdu caalaatti akka cimsitu mirkaneessaniiru. Tattaaffii Itiyoophiyaan riijinichatti nagaa fi tasgabbii buusuuf taasiftu ministirichi dinqisiifatanii, ijaarsi buufata xiyyaaraa idil addunyaa Bishooftuu dinagdee cimaa ijaaruuf murteessaa ta’uu dubbataniiru. Kaampaaniiwwan Jarman ijaarsa kanarratti hirmaachuuf fedhii akka qaban ibsaniiru. Yeroo jijjiiramaa kanatti hariiroo keenya cimsuu fi eeguu qabna kan jedhan ministirichi, seenaan dippilomaasii waggaa 120 bu’ura cimaa ta’uu ibsaniiru.
Itiyoophiyaa fi Beelaarus damee loltummaan waloon hojjechuun akka danda’amu sanada waliigaltee waliif mallatteessani.
Jan 22, 2026 28
Amajjii 14/2018(ENA) - Itiyoophiyaa fi Beelaarus damee loltummaan sanada waliigaltee waloon hojjechuuf isaan dandeesisu waliif mallatteessaniiru. Waliigalticha Ministirri Ittisaa Injiinar Ayishaa Mohaammadii fi Ministirri Ittisaa Beelaarus Diimitirii Paantas mallatteessaniiru. Injiinar Ayishaa Mohaammad wayita sana akka jedhanitti, waliigaltichi tattaaffii industirii fi teekinooloojii loltummaa Itiyoophiyaa guddisuu fi meeshaalee loltummaan of danda'uuf taasifamaa jiruuf faayidaa olaanaa qaba.   Itiyoophiyaan wiirtuu Afrikaa ta'uu isheen gabaa fi fayyadamummaa waloo mirkaneessuuf akka gargaarus himaniiru. Waliigaltichi waliigaltee tarsiimoo hoggantoonni biyyoota lamaanii mallatteessan qabatamaan hojiirra oolchuuf kan dandeessisu ta’uu kan akeekan Ministirri kun, michummaa biyyoota lamaanii yeroo dheeraaf ture kan cimsu ta’uu ibsaniiru. Dimiitirii Paantas gama isaaniin, simannaa isaaniif taasifame galateeffachuun, biyyoonni lamaan pirojeektota adda addaa waliin hojjechaa akka jiran eeranii, waliigaltichi dameewwan haaraa adda addaa irratti bobba'uuf carraa kan uumu ta'uu ibsan.   Humni Qileensaa Beelaarus ayyaana hundeeffama waggaa 90ffaa Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa Boru irraa eegalee kabajamu irratti agarsiisa akka dhiyeessuu fi jilli isaaniis akka irratti hirmaatu ibsaniiru. Akka odeeffannoon Miidiyaa Onlaayinii Raayyaa Ittisaa ENAf erge ibsutti, saganticha irratti hoggantoonni olaanoo Raayyaa Ittisaa, akkasumas hoggantoonni dhaabbilee waraanaa Beelaaruusii fi ogeeyyiin damee kanaa irratti ni hirmaatu.
Manni marichaa labsiiwwan biyyoota jidduutti warra murtoo argatan waliif dabarsuu fi dhimma yakkaa dabarsanii kennuu raggaase
Jan 22, 2026 31
Amajjii 14 /2018(ENA)- Manni maree bakka bu’oota ummataa labsiiwwan biyyoota jidduutti warra murtoo argatan waliif dabarsuu fi dhimma yakkaa dabarsanii kennuu raggaaseera. Manni maree bakka bu’oota ummataa 6ffaan walgahii idilee 9ffaa gaggeesseera. Walgahii idilee Kanaan mootummoota Itiyoophiyaa fi rippaabiliikii ummataa Chaayinaa akkasumas rippaabiliikii federaalawaa Biraazil jidduutti walii galteen warra murtoo argatan walii dabarsuu taasifamuunsaa ibsameera. Walii galteen namoota yakkaan barbaadaman dabarsanii kennuu mootummoota rippaabiliikii federaalawaa demokiraatawaa Itiyoophiyaa fi rippaabiliikii Afriikaa kibbaa jidduutti taasifamuunsaa himameera. Haala Kanaan mootummaan Itiyoophiyaa akkaataa walii galtee taasifameetiin wixinee labsii warra murtoon kennameef waliif dabarsuu fi dhimma yakkaa dabarsanii kennuuf bahe ilaalee sagalee caalmaan raggaaseera. Labsiiwwan kunneen haala kanneen murtoo argatan ittiin sirreeffaman caalaatti bu’a qabeessa gochuun Itiyoophiyaan hariiroo daldalaa, Invastimantii fi dippilomaasii cimsuuf akka gargaaru ibsameera. Dabalataanis Wixinee labsii walii galtee liqii pirojektii dhiheessii meeshaa wal’aansaa boqonnaa-2 mootummaa Itiyoophiyaa fi baankii alergii fi alaa galchuu Kooriyaa jidduutti raawwachiisuuf oolu irratti mari’ateera. Wixineewwan fooyyessa labsii sekuriitii aviyeeshinii Itiyoophiyaa, misoomaa fi bulchiinsa Ispoortii federaalaa akkasumas waldaa hojii gamtaarratti dhihaatan ilaalee koreewwan dhaabbataa dhimmi ilaaluuf qajeelcheera.
Manni Marichaa Labsii Filannoo fooyyessuun filannoo iftoominaa fi haqa qabeessa teeknooloojiin deeggaramee akka gaggeeffamuuf haala dandeessisu uumeera
Jan 21, 2026 95
Amajjii 13/2018(ENA) – Mnni Maree Bakka Bu’oota Uummataa Labsii Filannoo fooyyessuun, filannoo iftoominaa fi haqa qabeessa teeknooloojiin deeggaramee akka gaggeeffamuuf haala dandeessisu uumuu af-yaa’iin mana marichaa Taaggasaa Caafoo ibsan. Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Filannoo waliigalaa biyyaalessaa 7ffaaf galmeen filattotaa Guraandhala 7 hanga Eebila 7/2018tti akka gaggeeffamu, Caamsaa 24, 2018 immoo sagalee kennuun akka gaggeeffamu murteessuun isaa ni yaadatama. Boordichi kana ilaacha keessa galchuun hojiilee galteewwan guutuu fi hubannoo uumuu akkasumas qophiiwwan filannoof barbaachisan hojjechaa jiraachuu ibseera. Af-yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa Taagasaa Caafoo ENAtti akka himanitti,Boordiin Filannoo biyyoolessaa Itiyoophiyaa biyyattiitti filannoo fi murtee sagalee kan adeemsisu qaama bilisaa dhaabbata heera mootummaati jedhani. Boordichi bu’uura heera mootummaatiin filannoo biyyaalessaa 7ffaa gaggeessuuf qophii gahaa taasisuu isaa gabaasa isaa keessatti ibseera. Filannoon Waliigalaa Biyyaalessaa 7ffaan haala haqa qabeessa, nagaa fi amansiisaa ta’een akka gaggeeffamuuf Manni Marichaa fooyya’iinsa seeraa barbaachisaa taasisuu isaa hubachiisaniiru. Keessattuu labsii lakkoofsa 1162/2011 fooyyessuun galmeewwan kaadhimamtootaa fi filattootaa akkasumas hojiiwwan boordichaa kan biroo teeknooloojii dijitaalaan akka deeggaramu hojiiwwan dandeessisan hojjetamaniiru jedhan. Dhaabbileen waldaalee siivilii filannicha taajjabuu fi filattootaaf hubannoo uumuu keessatti gahee murteessaa akka qaban ibsaniiru. Mootummaan iftoominaa fi amanamummaa filannoo kana mirkaneessuuf, gaaffii Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa dhiheesseen, qophii taasisaa jira jedhan. Adeemsi Filannoo Walii galaa Biyyaalessaa 7ffaa walii galtee biyyaalessaatiin akka gaggeeffamu tattaaffiin taasifamaa akka jiru eeruun, filannoo kana milkeessuu keessatti paartileen hundi gahee isaanii akka bahatan waamicha dhiyeessaniiru.
Manni maree ministirootaa dhimmoota garagaraarratti mari’atee murtoo dabarse
Jan 20, 2026 156
Amajjii 12/2018(TOI)- Manni maree ministirootaa guyyaa har’aa wal gahii idilee 52ffaa gaggeesseen dhimmoota garagaraarratti mari’atee murtoo dabarseera. Murtoowwan manni mariachi dabarse akka armaan gadiitti dhihaateera- Murtoo walgahii mana maree ministirootaa idilee 52ffaa Amajjii 12 bara 2018 Finfinnee Manni maree ministirootaa walgahii idilee 52ffaa guyyaa har’aa gaggeesseen dhimmoota garagaraarratti mari’atee murtoo dabarse.   Manni Marichaa jalqaba wixinee labsii, labsii Gumurukii fooyyessuuf dhihaaterratti mari’ate. Labsiin Gumurukii hojiirra jiru waggoota hedduuf kan tajaajile waan ta’eef, tumaalee labsichaa sadarkaa guddinaa hojiin daldalaa idil addunyaa irra gahe waliin wal simsiisuuf, misooma industirii oomishaa biyya keenya keessatti guddachaa dhufe deeggaruuf, akkasumas daldalaa fi invastimantii seera qabeessa jajjabeessuun akka danda’amu labsiin fooyyessaa kun qophaa’ee dhihaateera. Manni marichaa labsii fooyya’ee dhihaate kanarratti erga mari’atee booda galtee itti dabaluun mana maree bakka bu’oota ummataaf akka qajeelfamu sagalee guutuun murteesseera. Manni marichaa itti fufuun wixinee danbii onnachiiftuu taaksii fi qaraxaa Invastimantiif kennamu irratti mari’ateera. Dameelee invastimantii guddina dinagdee biyya keenyaaf gumaacha olaanaa qabanii fi dursi kan kennamuuf, akkasumas kaappitaala olaanaa gaafatamaniif kaappitaala hojiirra oolu tilmaama keessa kan galchuu fi sirna onnachiiftuu Invastimantii raawwiirratti hundaa’e diriirsuun waan barbaachiseef wixineen dambii kun qophaa’ee dhihaateera. Manni marichaas dambicharratti bal’inaan mari’atee galtee itti dabaluun dambiin kun gaazexaa magalataa federaalaarratti guyyaa maxxanfamee eegalee hojiirra akka oolu sagalee guutuun murteesseera. Xumurarrattis manni marichaa wixinee imaammataa misooma dhaweessummaa irratti mari’ateera. Imaammatichi hojiileen damee dhaweessummaan hojjetaman fulla’insa qabaatanii milkaa’ina galmoota misooma biyyaalessaaf qoodasaanii akka bahan, aadaa kalaqaa gabbisuu fi sona dabaluuf dirree dhaweessummaa mijataa ijaaruu akka danda’amu qophaa’ee dhihaateera. Manni marichaas imaammaticharratti mari’atee galtee dabaluun imaammatichi guyyaa mana maree ministirootaan ragga’e Amajjii 12 bara 2018 irraa eegalee hojiirra akka oolu sagalee guutuun murteesseera. #WMMItiyoophiyaa
Mariin biyyaalessaa kutaalee hawaasaa hunda hirmaachisuunii fi hojiilee milkaa’oo hojjechuun boqonna xumuraa isa murteessaarra gaheera-Af-ya’ii Taaggasaa Caafoo
Jan 17, 2026 274
Amajjii 9/2018 (ENA)- Mariin biyyaalessaa kutaalee hawaasaa hunda hirmaachisuunii fi hojiilee milkaa’oo hojjechuun boqonna xumuraa isa murteessaarra gaheera jechuun ibsan Af-ya’iin mana maree bakka bu’oota ummataa Taaggasaa Caafoo. Komishiniin marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa garaagarummaawwan yaadaa fi wal dhabdee bu’ura kan biyyattii keessatti mul’atu furuufbifa hammataa ta’een marii taasisuuf lakkoofsa labsii 1265/2014’n mana maree bakka bu’oota ummataatiin kan hundaa’e dhaabbata of danda’edha. Komishinichi garaagarummaa yaadaa fi wal dhabdee biyyaalessaa bu’uraa mariiwwan hammataa fi ummataa gaggeessuudhaan walii galtee biyyaalessaa uumuuf hojjechaa jira. Haala Kanaan komishinichi dhimmoota biyyaalessaa murteessoo irratti hirmaattota adda baasuu fi ajandaa walitti qabuun hojjechuun gara boqonnaa xumuraa gahuunsaa ni beekama. Af yaa’iin mana maree bakka bu’oota ummataa Taaggasaa Caafoo ENA’f akka ibsanitti, komishiniin marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa adeemsa marii Itiyoophiyaanonni hundi irratti hirmaatan raawwachaa jira. Komishinichi naannolee fi bulchiinsa magaalotaatti akkasumas biyya alaattillee ajandaa walitti qabaa fi hirmaattota adeemsa marii isa muummeerratti hirmaatan adda baasuudhaan hojii milkaa’aa hojjechaa jira jedhaniiru. Waldaaleen waldaaleen hawaasaa, waldaaleen siviikii, barsiiftonni dhaabbilee barnoota olaanoo kutaaleen hawaasaa biroon adeemsa marii kanarratti hirmaachuusaanii ibsaniiru. Haala Kanaan Lammiileen Itiyoophiyaa yaada biyyasaaniif ni mala jedhan kan walitti fidan adeemsa marii addaa fi milkaa’aan raawwatamuusaa dubbataniiru. Adeemsa boqonnaa marii guduunfaa hojiirra oolchuu fi gaggeessuuf tooftaan dandeessisu bocamuu ibsanii, hojiin hafu akkaataa milkaa’ina ittiin eegaleen akka xumuramu hundi qoodasaa akka bahu waamicha dabarsaniiru. Itiyoophiyaa keessatti dhimmoota seenaa, seera, hojmaataa fi kkf waliin wal qabatanii ka’an mariidhaan furmaata kan argatan ta’uu ibsuun, kanaaf ammo mariin biyyaalessaa carraa murteessaadha jedhaniiru. Naannoo Tigraayi ilaalchisuun gaaffileen marii biyyaalessaan deebi’uu qaban gurmaa’insoota garagaraatiin dhihaachuusaanii ibsaniiru. Bu’aan marii biyyaalessaarraa argamu murtee ummataa ta’uusaa kan ibsan af-yaa’iin kun, mootummaan bu’aa kana hojiirra oolchuuf qophii ta’uusaa dubbataniiru. Gaaffilee ummanni marii Kanaan kaasu kabajaa fi deebii barbaachisu kennuun hundarraa kan eegamu ta’uu kaasaniiru.

Hawaasummaa
Mariin Biyyoolessaa rakkoolee jiran waliin mari’achuun furuuf biyya waliin ijaaruuf gargaara.
Jan 20, 2026 131
Amajji 12/2018(ENA) – Mariin Biyyoolessaa rakkoolee jiran mari’achuun furuuf waan gargaaruuf milkaa’ina isaaf gahee isaanii bahachaa jiraachuu Abbootiin Gadaa ibsani. Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiaa rakkoolee bu’uuraa fi adda addummaa yaadaa furuuf marii hunda hirmaachisaa gaggeessuun waliigaltee biyyaalessaa uumuuf hojjecha jira. Dhimma kana irratti Abbootii Gadaa fi Jaarsolii biyyaa magaalaa Amboo ENA’n dubbise bakka bu’aa kutaa hawaasaa kan ta’an Abbaa Gadaa Laggasaa Dhaabaa Marii Biyyoolessaa kan deeggaran ta’uu eeruun, sirna Gadaa keessattis Mariin iddoo olaanaa qabachuu ibsaniiru.   Adeemsa Marii Biyyoolessaa adeemsifamaa jiru keessatti kutaaleen hawaasaa hundi hirmaachaa akka jiran hubachuu isaanii dubbataniiru. Adeemsa marii magaalota Finfinnee fi Adaamaa keessatti hawaasa magaalaa bakka bu’uun hirmaachuu isaanii ibsuun waltajjiiwwan irratti yaada tokkummaa biyyaaf bu’aa ta’e dhiyeessuu isaanii himaniiru. Marii biyyoolessaa kanarratti hawaasaaf hubannoo uumaa akka turan eeruun,marichi akka milkaa’uuf hojii isaanii cimsanii akka hojjetan ibsaniiru. Abbaa Gadaa Taarikuu Turaa gama isaaniin, Mariin Biyyaalessaa rakkoolee furuu irra darbee egeree Itiyoophiyaa biyya mijattuu taasisuuf shoora olaanaa qaba jedhaniiru.   Mariin biyyoolessaa akka biyyaatti adeemsifamu akka milkaa’uuf hunduu gahee isaanii bahachuu akka qaban ibsaniiru. Mariin biyyoolessaa biyya fooyyofte ijaaruuf gahee olaanaa waan qabuuf gahee keenya bahachuu qabna kan jedhan immoo Maanguddoo Biyyaa Baqqalaa Baay’ataa dha.   Mariin biyyaalessaa kun nageenyi waaraan akka bu’uuf akkasumas milkaa’ina piroojektoota biyyoolessaa jalqabamaniif haala mijataa waan uumuuf deggersi nuti milkaa’ina Marii Biyyaalessaatiif taasifnu itti fufa jedhaniiru.
Diinagdee
Magaalota Itiyoophiyaa Wiirtuu Badhaahinaa gochuun haala mijataa magaalaa uumuuf tattaaffiin taasifamaa jiru bu’aa qabeessa ta’aa jira
Jan 22, 2026 23
Amajjii 14/2018(ENA)- Magaalota Itiyoophiyaa Wiirtuu Badhaahinaa gochuun jiraattotaaf magaalaa mijataa uumuuf tattaaffiin taasifamaa jiru bu’aa qabeessa ta’aa jiraachuu Ministirri Magaalaa fi Bu’uura Misoomaa Caaltuu Saanii ibsan. Ministirri Magaalaa fi Bu’uura Misoomaa fi Biig wiin Filaantiroop waliigaltee walta’iinsaa mul’ata ijaarsa bu’ura misoomaa Magaalota Itiyoophiyaa fakkeenya Badhaahinaa gochuuf taasifamu deeggaru mallatteesaniiru. Wayita sana sagantaa galii walitti qabuu Imala Tiraanisfoormeeshinii Magaalota Itoophiyaa saffisiisan ifoomsaniiru. Wayita sana Ministirri Magaalaa fi Bu’uura Misoomaa Caaltuu Saanii babalachuun magaalota Itiyoophiyaa guddina dinagdee fi carraa hojii uumuuf madda qabeenyaa murteessaaf ta’anii tajaajilaa jiru jedhaniiru. Sagantaan galii walitti qabuu magaalotaa haaraan bu’uuraalee misoomaa magaalotaa fi tajaajila bu’uuraa humna galii ofiin sirna itti deeggaran akka uumu dubbataniiru.   Sadarkaa biyyaatti sirna Bulchiinsa Taaksii qabeenyaa ammayyeessuun humna madda galii magaalotaa kan fooyyeessu kaadastara biyyoolessaa, Liizii lafaa fi hojmaatni taaksii Qabeenyaa uumamuu kaasaniiru. Liqaan, deeggarsa Mootummaa fi dhuunfaan dameen dhuunfaa ijaarsa bu’uuraalee misoomaa magaalotaa kan deeggaran sirni dhiheessiin faayinaansii diriirfamuu ibsaniiru. Magaalota Itiyoophiyaa Wiirtuu Badhaahinaa gochuun jiraattotaaf magaalaa mijataa uumuuf carraaqqiin taasifamu ija godhachaa jira kan jedhan ministirri kun,fakkeenya magaalota Afriikaa taasisuuf tattaaffiin taassifamu cimee itti fufa jedhaniiru. Sagantaa Tiraanisfoormeeshinii galii walitti qabuu magaalota Itiyoophiyaa milkaa’inaan gaggeessuuf Naannoolee fi Bulchiinsota magaalaa waliin dhiheenyaan kan hojjetu gareen teeknikaa akka hundeeffamu ibsaniiru.
Lakkoofsi Dhaabbilee Diinagdee Ce’umsa Caaseffama Dinagdee  saffisiisuuf  ni gargaara
Jan 22, 2026 22
Amajjii14/2018(ENA)-Lakkoofsi Dhaabbilee Dinagdee Milkaa’inoota damichaan argaman itti fufsiisuu fi ce’umsa Caaseffama Diinagdee saffisiisuuf kan deeggaru ta’uu Tajaajilli Istaatistiksii Itoophiyaa beeksise. Tajaajilichi ogeessota Lakkoofsa Dhaabbilee Diinagdee marsaa 2ffaa bakkeewwan biyyattii adda addaatti gaggeeffamurratti hirmaataniif Leenjii Ijaarsa dandeettii kennuu eegaleera. Tajaajilla Istaatistiksii Itoophiyaatti Qindeessaan teeknikaa Lalisaa Bashoo haasaa BaninsaaLeenjicharrattitaassisaniin, lakkoofsi dhaabbilee Diinagdee gaggeeffamuun qaamoleen murtii kennan odeeffannoo qulqullina qabu bu’uura godhatanii kennuuf ni gargaara jedhaniiru. Lakkoofsichaan Intarpiraayizoonni Olaanoon,Gidduugaleessaa fi xixiqqaan guutuu biyyattii keessatti argaman kan hammataman yoo ta’u, lakkoofsichi magaalota hundatti manaa manatti irra deemuun , baadiyaatti immoo saamuda fudhachuun ni gaggeeffama jedhaniiru. Lakkoofsi dhaabbilee Diinagdee Milkaa’inoota damichaan argaman ittifufsiisuu fi caaseffama Ce’umsa Diinagdee saffisiisuuf akkasumas yaadawwan imaammata filannoo maddisiisuuf shoora guddaa qabaachuu hubachiisaniiru.   Naannoo Oromiyaarraa Lakkoofsa Dhaabbilee Diinagdeerratti kan hirmaatan Baaleerra, Baalee Bahaa, Arsii Lixaa, Boorana Bahaa akkasumas Nannoo Somaaleerraa godina Liiban keessaa kan dhufan ogeeyyiin damichaa734 tiif leenjiin kan kennamu ta’uu kaasaniiru. Lakoofsichi Imaammataa fi Tarsiimoowwan damichaan qophaa’aniif galtee sirrii argachuuf akka gargaaru eeruun, hirmaattonni leenjichaas leenjii kennamu sirnaan hordofuun itti gaafatamummaasaanii akka bahan dhaamaniiru.   Hogganaan Waajjira Tajaajila Istaatistiksii Itoophiyaa damee Baalee Gobbaa Shimallis Asaffaa gamasaaniin, leenjichi namoonni Ragaa walitti qaban beekumsa odeeffannoo Amanamaa walitti qabuuf isaan dandeessisu argachuuf ni gargaara jedhaniiru. Lakkoofsi dhaabbilee Dinagde guutuu biyyattiitti Fulbaana 1 bara 2018 eegalee gaggeffamaa jiraachuun ni beekama.
Hojiirra oolmaan hojmaata teeknooloojii dijitaalaa galii fooyya’aa walitti qabuu akka dandeenyu nu gargaareera
Jan 22, 2026 30
Amajjii 14/2018(ENA) – Hubannoon namoota gibira kaffalanii guddachuu fi teekinooloojiin dijitaalaa hojiirra ooluun isaa galii fooyya’aa walitti qabuu akka isaan dandeessise Waajjirri Galii Godina Boorana Bahaa beeksise. Waajjirichatti ogeettii karooraa, hordoffii fi madaallii baajataa aadde Ma’aazaa Alii akka jedhanitti, dandeettii galii walitti qabuu guddisuuf hojiin hubannoo kaffaltoota gibiraa guddisuu irratti xiyyeeffate hojjetamaa tureera. Galii walitti qabuun teekinooloojii dijitaalaan kan deeggarame ta’uun isaa galii walitti qabame kan guddise ta’uu eeruun, walakkaa bara baajataa kanatti birrii miiliyoona 854 fi kuma 528 ol walitti qabamuu eeraniiru. Raawwiin isaa kan bara darbee yeroo walfakkaataa waliin walbira qabamee yeroo ilaalamu,birrii miliyoona 341 fi kuma 502’n caalmaa akka qabu ENAtti himaniiru.   Nagallee Booranaatti hojii daldalaa Hoteelaa irratti kan bobba’an aadde Amalawarqi Kifilee akka jedhanitti, murtiin gibiraa madaalawaa ta’e fudhatamuun isaa daldaltoonni gibira isaanii komii malee akka kaffalanii fi lammiileen tajaajila mootummaa guutuu akka argatan taasisuu ibsaniiru.   Daldala shagaxaa irratti kan bobba’an Biiniyaam Tafarraa gama isaaniin, gibira yeroon kaffaluun, seeraa fi sirna kabajuun, dorgommii daldala haqa qabeessa ta’e guddisuun dirqama daldalaa ta’uu dubbataniiru.   Kaffalaan gibiraa kan biraa Birqinash G/Mikaa’el akka ibsanitti misooma biyyaa itti fufsiisuuf lammiin gibira kaffaluuf dirqama itti gaafatamummaa isaanii bahachuun qabu jedhan. Gibira amanamummaadhaan kaffaluun, hojii alseerummaa dhababsiisuu fi itti gaafatamummaa seera kabachiisuu keenyaa bahachuu qabna jedhaniiru yaada kennitoonni kunniin.
Dhaabbilee daldalaa kuma 133 ol daldala seeraan alaa irratti bobba’an irratti tarkaanfiin fudhatameera
Jan 22, 2026 31
Amajjii 14/2018(ENA) – Bara bajataa 2018 baatii jaha keessatti dhaabbilee daldalaa kuma 133 ol daldala seeraan alaa irratti bobba’an irratti tarkaanfiin fudhatamuu Minitirri Daldalaa fi walitti Hidhminsa riijinii doktar Kaasahuun Gofee ibsan. Gamaaggama raawwii hojii walakkaa waggaa 2018 fi konfiraansiin damee sektaraa Magaalaa Daseetti gaggeeffamaa jira.   Ministirri Daldalaa fi Walitti Hidhaminsa riijinii doktar Kaasahuun Goofee wayita sana akka jedhanitti, dhaabbanni isaanii gabaa tasgabbeessuu, daldala seeraan alaa to’achuu, daldala al-ergii guddisuuf ji’oota jahan darbanitti ciminaan hojjechaa akka ture ibsaniiru. Gabaa tasgabbeessuuf giddugala gabaa babal’isuu fi sadarkaa isaanii fooyyessuuf hojiin hojjetame bu’aa qabatamaa argamsiisuu dubbataniiru. Kunis baasii jireenyaa fi qaala'insi jireenyaa gara dijiitii tokkootti gadi bu'uu isaa kan agarsiisu tokko ta'uu ibsaniiru. Akkasumas daldala seeraan alaa to’achuuf tarkaanfiileen garagaraa fudhatamuu eeruun, dhaabbilee daldalaa kuma 133 ol daldala seeraan alaa irratti bobba’an irratti tarkaanfiin fudhatamuu akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Biyyattii keessatti sirna daldalaa fayya qabeessa ta’e uumuun badhaadhina waliigalaa mirkaneessuuf tattaaffiin taasifamu cimee akka itti fufu mirkaneessaniiru. Daldala al-ergii haala mijeessuun hojiilee hojjetameen ji’oota jahan darbanitti oomishaalee al-ergii irraa galiin doolaara biiliyoona 5 tuqaa 1 ol argamuu isaas eeraniiru.   Sadarkaa itti aanaa pirezidaantii bulchiinsa mootummaa naannoo Amaaraatti, itti aanaa itti Gaafatamaa Qindeessaan Damee Misooma Magaalaa Naannichaa doktar Ahmaddiin Mahaammad gama isaaniitiin, hojii daldala seeraan alaa to’achuu fi gabaa naannichaa tasgabbeessuuf hojjetameen bu’aan gaarii argamaniiru jedhan. Bu’uuraalee misooma gabaa ammayyaa hunda galeessa ta’e ijaaruun, sirna daldalaa bu’a qabeessa ta’e uumuuf hojiin eegalame cimee itti fufuus mirkaneessaniiru. Hirmaattota waltajjicharratti hirmaatan keessaa Hogganaan Biiroo Daldalaa fi Misooma Gabaa Naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaa doktar Baayyush Tasfaayee akka jedhanitti, naannichatti gabaa tasgabbeessuu fi dorgommii daldalaa fayya qabeessa ta’e uumuuf hojiiwwan qabatamaan hojjetaman jiraachuu himaniiru. Waltajjicharratti hoggantoonni, qooda fudhattoonni dhaabbilee federaalaa fi naannoolee irraa hirmaachaa jiru.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Waraqaa Eenyummeessaa Dijiitaalaa FaayidaaTajaajila dhaabbilee Faayinaansii maamiltootaa saffisiisuuf  ni deeggara
Jan 21, 2026 65
Amajjii13/2018(ENA)-Waraqaa eenyummeessaa Dijiitaalaa Faayidaa qabannaa ragaaMaamiltoota dhaabbilee Faayinaansii Ammayyeessuuf,tajaajila si’ataa fi nageenyisa eegame kennuuf deeggarsa guddaa akka taassisu ibsame. ENAn Hoggantoota hojii dhaabbilee faayinaansii Magaalaa Cirootti argaman tajaajila waraqaa eenyummeessaa Dijiitaalaa Faayidaa irratti dubbiseera. Akka Hoggantoonni hojii ibsanitti,Waraqaan eenyummeessaa Dijiitaalaa odeeffannoo Ijaa, fuulaa fi Ashaaraa qubaa maamiltootaa meeshaalee Elektirooniksiin qabachuun namni tokko odeeffannoo wal-fakkaatu qabatee tajaajila burjaajjiirraa qulqullaa’e kennuuf kan dandeessisudha. Hojii gaggeessaan Baankii Daldala Itoophiyaa Ciroo damee Odaa bultum Balaayi Yawaalaasheet akka ibsanitti,waraqaan eenyummeessaa Dijiitaalaa Faayidaa waraqaa eenyummeessaa sobaan burjaajjii raawwatamu ittisuuf gargaara. Waraqaan eenyummeessaa Dijiitaalaa odeeffannoo elektirooniksiin qabachuun tajaajilamaan eenyummaa tokko akka qabaatu gochuun dhugummaasaa mirkaneessuuf akka gargaaru dubbataniiru. Waraqaa eenyummeessaa Dijiitaalaa Faayidaa Baankichi kenna Tajaajila Maamilaa haaraa eegale kan saffisiisu ta’uu eeraniiru. Baankii Awaash Damee Ciroo hojii gaggeessaa tajaajila maamiltootaa fi oppireeshinii Tewoodiroos Salamoon gamasaaniin Waraqaan eenyummeessaa Dijiitaalaa Faayidaa Maamiltoonnii fi Baankonni haala guutuu ta’een akka wal beekan gochuun kenna tajaajilaa kan saffisiisudha. Maamililli lakkoofsa faayidaa tokkoon qofaan galmaa’uusaan Baankonni tajaajila liqaa yeroo kennan maamiltootasaanii akka beekanii fi hordoffii liqaa sirnaan akka raawwataniif kan deeggaru ta’uu dubbataniiru. Waraqaan eenyummeessaan Dijiitaalaa FaayidaadhaabbileeFaayinaansii keessatti tajaajila waraqaarraa bilisa ta’e hojiirra oolaa jiru saffisiisuuf kan deeggarudha jedhaniiru. Itiyoo Teeleekoomitti gidduugalli Damee gurgurtaa Ciroo Tonkoluu Baqqalaa Waraqaan eenyummeessa Dijiitaalaa Faayidaa odeeffannoo nama tokkoo haala wal fakkaatuun galmeessuun kenninsa tajaajilaa saffisa fi ammayaa’aa ta’e hojiirra kan oolchu ta’uu ibsaniiru.
Appilikeeshinichi tajaajila si’achiisuu fi deddeebisa maallaqaa seeraan alaa ittisuuf faayidaa guddaa qaba
Jan 20, 2026 74
Amajjii 12/2018(ENA)- Appilikeeshiniin baankiin daldalaa Itiyoophiyaa ifoomse tajaajila si’achiisuu fi deddeebisa maallaqaa seeraan alaa ittisuuf faayidaa guddaa akka qabu daarektarri olaanaa tajaajila diyaasporaa Itiyoophiyaa ambaasaaddar Fitsum Araggaa beeksisan. Baankiin daldalaa Itiyoophiyaa biyya alaarraa maallaqa erguuf kan gargaaru ‎appilikeeshinii haaraa 'CBE Connect Digital Wallet' jedhamu hojii eegalchiiseera. ‎‎Dijitaal teeknooloojiin ifoome diyaasporaan tajaajila si’ataa akka argatuu fi deddeebisa maallaqaa karaa seeraan alaa taasifamu ittisuu fi sharafa biyya alaa biyyattiin argattu guddisuuf faayidaa olaanaa akka qabu daarektarri olaanaa tajaajila diyaasporaa Itiyoophiyaa ambaasaaddar Fitsum Araggaa dubbataniiru. Bakka bu’aan pirezidaantii baankii daldalaa Itiyoophiyaa fi itti aanaan pirezidaantii tajaajila korporeetii Efreem Makuraa gamasaaniin, baankichi hojmaatasaa yeroo yeroon ammayyeessuun tajaajila si’ataa fi bu’a qabeessa kennaa akka jiru dubbataniiru. Baankichi dijitaala Itiyoophiyaa dhugoomsuuf teeknooloojiiwwan dijitaalaa babal’isaa akka jiru beeksisaniiru. Appilikeeshiniin hojiirra oole kun imalaa dijitaalaa baankichi itti jiru sadarkaa olaanaatti akka ceesisu eeranii, maamiltoota biyya keessaa fi biyya alaa caalaatti kan walitti hidhuu fi adeemsa hawaalaa kan si’achiisu ta’uu dubbataniiru. Appilikeeshiniin kun teeknooloojii dijitaalaa sirna faayinaansii Itiyoophiyaatiin jiru irratti jijjiirama guddaa akka fidu appilikeeshinii kana baankii daldalaa waliin walitti hidhuun kan hojjetan hojii raawwachiisaa olaanaa Staar weeyi Bassuufiqaad Geetaachoo ibsaniiru. ‎‎Haalli mijataan mootummaan kaampaaniiwwan teeknooloojiif uume kalaqxoonni akkasii akka danatan gochuusaa eeranii, fuulduras bu’aalee teeknooloojii biro hojjechuuf akka hojjetan dubbataniiru.
Tarsiimoon dijitaala Itiyoophiyaa 2030 magaalaa Finfinnee Ismaarti siitii gochuuf hojii hojjetamu caalaatti kan si’achiisudha
Jan 20, 2026 67
Amajjii 12/2018(ENA)- Tarsiimoon dijitaala Itiyoophiyaa 2030 magaalaa Finfinnee Ismaarti siitii gochuuf hojii hojjetamu caalaatti kan si’achiisu ta’uu biiroon Innoveeshinii fi Teeknooloojii magaalaa Finfinnee beeksise. Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad hojiirra oolmaa dijitaala Itiyoophiyaa 2030 ifatti wayita jalqabsiisan, dijitaal 2030’n, qaqqabummaa bal’isuu, lammiileef carraa walqixa uumu akkasumas lammiilee fi dhaabbilee jidduutti wal amantaa ijaaruun galmoota tarsiimichaa kanneen ijoo ta’uu himaniiru. Itti aanaa hoogganaan biiroo Innoveeshinii fi Teeknooloojii bulchiinsa magaalaa Finfinnee doktar Tulluu Xilahuun ENA’f akka ibsanitti, waggoottan darban hojiileen bu’ura misoomaa milkaa’oon ijaarsa dinagdee dijitaalaaf murteessaa ta’an magaalaa Finfinneetti hojjetamaniiru. Keessumaa magaalattiitti tarsiimoon dijitaala Itiyoophiyaa 2025 bu’a qabeessummaan raawwatamuu eeranii, Kunis cehumsa dijitaala Itiyoohiyaa 2030’f bu’ura cimaa kaa’uusaa beeksisaniiru. Tarsiimoo dijitaalaa 2025tiin magaalaa Finfinneetti Paarkiin ‘ICT’ babal’achuusaa wabeeffataniiru. ‎Walitti hidhamiinsi neetwoorkii Kanaan dura si’aayina gadi aanaa fi sadarkaa gadi aanaadhaan murtaa’ee ture fooyya’uusaa ibsanii, yeroo ammaa dhaabbileen mootummaa saddettamii jaha bu’ura misoomaa Siitii neet (City Net)dhaan wal qabachuusaanii beeksisaniiru. Dabalataanis qaqqabummaan tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob fi eenyummeessaa biyyaalessaa faayidaa magaalattiiitti hojiirra oolfamaa jiru bu’aa tarsiimichaa ta’uu dubbataniiru. Tajaajila mootummaa magaalattiitti kennaman guutummaatti dijitaalaayiz gochuun lammiilee bakka jiranitti tajaajila si’ataa akka argatan bu’ura kaa’uusaa ibsaniiru. ‎Tarsiimoon dijitaala Itiyoophiyaa 2030 hojii magaalaa Finfinnee Ismaarti siitii gochuuf hojjetamu caalaatti kan ariifachiisuu fi jireenya lammiilee kan si’achiisu ta’uu dubbataniiru. ‎Tarsiimoon kun fayyadamaa teeknooloojii qofa osoo hin taane, kalaqxoota furmaatilee dijitaalaa haaraa ta’an maddisiisan akka ta’an haala mijataa akka uumu dubbataniiru. Walumaa gala tarsiimoon dijitaala Itiyoophiyaa 2030 mul’ata‎ Finfinnee ammayyaa fi Ismaarti siitii badhaate gochuuf qabame akka dhugoomsu beeksisaniiru.
Itiyoophiyaan faayidaa biyyoolessaa ishee eegsisuuf dippilomaasii dijitaalaaf xiyyeeffannoo addaa kennetee hojjechaa jirti.
Jan 20, 2026 55
Amajji 12/2018(ENA) –Ministeerri Dhimma Alaa Itiyoophiyaan guddina teeknooloojii ammayyaa fayyadamuudhaan, dippilomaasii dijitaalaa irratti xiyyeeffannoo addaa kennuun, biyyattii beeksisuuf fi dantaa biyyaalessaa ishee eeguuf hojjechaa akka jirtu ibseera. Ministeera Dhimma Alaatti Daarektarri Dippiloomaasii Dijitaalaa Silaabbaat Maannaayyee ENA waliin turti taasisaniin, dippiloomaasiin dijitaalaa meeshaa murteessaa tarsiimoodhaan faayidaa biyyoolessaa biyya tokkoo eeguuf itti fayyadamaa jiramu ta’uu ibsaniiru. Hojiirra oolmaan Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2025 akka biyyaatti dippiloomaasii dijitaalaaf haala mijataa ta’e uumuus yaadachiisaniiru. Daarektarri kun itti dabaluudhaan, Tarsiimoon Dijitaalaa Itiyoophiyaa bara 2030 damee ijaarsa bu’uuraalee misoomaa irratti kan xiyyeeffate waan ta’eef damichaaf carraa guddaa fidee akka dhufus himaniiru. Itiyoophiyaan Afrikaaf wiirtuu humannoo namtolchee ta’uuf tattaaffii taasiftu keessatti haala gaariin kan deeggaru ta’u eeraniiru. Gara fuula duraatti hubannoo namtolcheedhaan tajaajilamtoonni gara qonsiilaatti qaamaan deemuun osoo isaan hin barbaachisiin bilbila isaaniin tajaajila argachuun kan isaan dandeessisu hojiin hojjetamaa jira jedhani. Ijaarsi wiirtuu daataa wayita daawwannaa ministira muummee Hindii Naareendiraa Moodii labsame dippiloomaasii dijitaalaa daran akka cimsu himaniiru. Itiyoophiyaan dippilomaasii biyyoota lamaanii fi biyyoota hedduu keessatti ejjennoo tarsiimoo qabdu ta’uu eeruun, biyyattiin baha Giddugaleessaa, Eeshiyaa fi Awurooppaa keessatti tarsiimoo ta’uun ishee fi Galaana Diimaatti dhihoo ta’uun ishee, michuu dippilomaasii ijoo ishee taasisa jedhaniiru. Hojiiwwan dippiloomaasii turizimiin karaa dippiloomaasii dijitaalaa gaggeeffamaa jira jedhan. Kanaafis, qabeenya uumamaa fi kennaawwan tarsiimawoo akkasumas kaka’umsa Ministira Muummeetiin kan ijaaraman bakkeewwan hawwata turizimii filmaatawwan dijitaalaan addunyaatti beeksisamuu akka fakkeenyaatti ibsaniiru. Jaarraan 21ffaa yeroo dorgommii odeeffannoo to’annoo olaantummaa seeneffamaa ta’uu isaas hubachiisaniiru. Ministirichi teeknooloojii yeroodhaa gara yerootti jijijjiiramu kana keessatti dorgomaa ta’uuf odeeffannoo xiinxaluu fi tilmaamuun dandaa biyyoolessaa eegsisuuf xiyyeeffannoo olaanaan hojjechaa jira jedhani.
Ispoortii
Baayer Muunik Shaampiyoonsi Liigichaan mo’atanii darbuutti makameera
Jan 22, 2026 38
Amajjii 14/2018(ENA)-Sagantaa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaan Baayeer Muunik, Yuuniyeen Seeyinti Jilwaan 2 fi 0n injifateera. Tapha Galgala Istaadiyeemii Aliiyaanzi Areenaatti gaggeeffameen Harii Keen taphaa fi rukkuttaa adabbiin galchii injifannoo lakkoofsiseera. Shaampiyoonsi Liigichatti Harii Keen baay’inni galchii lakkoofsise 7 ga’eera. Bara dorgommii kanatti dorgommiiwwan hundatti galchiiwwan lakkoofsise gara 34tti ol guddiseera. Taphataan Baayer Muuniik Miin-Jee Kiim daqiiqaa 63ffaa irratti kaardii keelloo lama erga fudhatee booda kaardii diimaan dirreetii baheera. Bu’aa kana hordofee Baayer Muunik qabxii 18’n Arsenaalitti aanee kilabii 2ffaa mo’atanii darbuutti darbe ta’eera. Gareen Beeljiyeem Yuuniyeen Seeyinti Giiliwaa qabxii 6’n sadarkaa 31ffaa irra jira. Taphoota biroon Liivarpuul Maarseyiin 3 fi 0n injifateera. Doominiik Siboozilaay, Kodii Gaappikoo fi karra eegaan Marseeyi Jeerooniimoo Ruulii ofirratti galchii lakkoofsiseera. Liivarpuul qabxi 15’n sadarkaa 15ffaa yoo qabatu, Marseey qabxii 9’n sadarkaa 19ffaa qabateera. Cheelsiin Paafoosin galchii Bemooses Keeyisdo galcheen 1 fi 0n injifateera. Baarseloonaan Dirreesaan alatti Silaaviyaa Piraagiin 4 fi 2’n injifateera. Fermaan Loopeez galchii 2 yoo lakkoofsisu, Daanii Olmoo fi Rooberti Lewandoskii galchiiwwan hafan lakkoofsisaniiru.   Vaasiil Kuseejii fi taphataan Baarseloonaa Rooberti Lewaandooskii Saliiviyaa Piraag ofirratti galchiiwwan lakkoofsisaniiru. Niwuukastil Yuunaayitid goolii Aroon wiisaa, Antoonii Gordanii fi Harvii Baarniis galchanii PSV Ayindihoveniin 3 fi 0’n injifateera. Juuventus Benefiikaan 2 fi 0’n, Atileetikoon Bilbaa’oo Atilaantaan 3 fi 2’n injifateera. Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa sagantaan dhumaa torban itti aanu gaggeeffama.
Arsenaal Shaampiyoonsi Liigichaan mo’atanii darbuu seenuun garee jalqabaa ta’eera
Jan 21, 2026 90
Amajjii13/2018(ENA)-Sagantaa tapha Shaampiyoonsi liigii Awurooppaa hawwiin eegamaa tureen Arsenaal Intar Miilaaniin 3 fi 1n injifate. Tapha galgala Istaadiyeemii Saan Siirootti gaggeeffame kanarratti Gaabri'eel Jesuus goolii lama yoo galchu, jijjiiramee kan gale Viiktor Yookeerees ammoo goolii tokko galcheera. Peetaar Suuchiich ammoo Intar Miilaaniif goolii tokko lakkoofsiseera. Bu’aa kana hordofuun Arsenaal taphni tokko isa hafee qabxii 21 galmeessisuun garee mo’atanii darbuutti seene kan jalqabaa ta’eera. Arsenaal tapha shaampiyoonsi Liigii bara Kanaan kilabii qofeessa taphoota hunda injifatedha. Morkichaan yeroo sadaffaa kan mo’ame Intar Miilaan qabxii 12n sadarkaa 8ffaa qabateera. Sagantaawwan biroon injifataan dorgommii yeroo 15ffaa Riyaal maadiriid Monaakoon dirreesaatti garaagarummaa galchii bal’aan 6 fi 1n injifateera. Kiiliiyaan Mibaappee galchiiwwan lama yoo lakkoofsisu Firaankoo Maastantuunoo, Viniishiyeesjuuniyeer, Juudii Belingihaamii fi Tiiloon Monaakoo Kehiraar ammo galchiiwwan hafan biroo ofirratti lakkoofsiseera . Jordaan Teezee Monaakoof galchii tokkicha lakkaoofsiseera. Bu’aa kana hordofuun Riyaal maadriid qabxii 15n sadarkaa 3ffaa Monaakoon qabxii 9n sadrkaa 20ffaa qabateera. Ispoortingi Liizbeen abbaan waancaa warqii PSGn osoo hin eegiin 2 fi 1n injifateera. Luwiis Suwaareez ispootingi Liizbeen galchiiwwan lamaan yoo lakkoofsisu kiviichaa kivartiskeeliyaa PSGtiif galchii tokkicha lakkoofsiseera. Tootenihaam Hotispersiin, Boruusiyaa Doortimundi 2 fi 0n yoo injifatu, Kiristiyaan Roomeeroo fi Doominiik Soolankeen galchii Injifannoo lakkoofsisaniiru. Borusiyaa Doortimundi Daani’eel Siveenseen daqiiqaa 24ffaatti kaardii diimaan dirree keessaa baheera. Koppen Hagenii fi Naappooliin tokko qixaan adda bahaniiru. Jordaan laarsen koppen hageniif, sikoot maaktomiinaay Naappooliif galchii lakkoofsisaniiru. Taphataan kopenhagen ToomaasDelanii daqiiqaa 35ffaatti kaardii diimaan dirree keessa baheera. Olompiyaakoos Baayeer Leverkuseniin2 fi 0n yoo injifatu , Ajaaksi Viiyaariyaaliin 2 fi fi 1n injifateera.
Tapha Shaampiyoonsi liigichaan Intarmiilaan Arsenaal waliin taasisu hawwiin eegama
Jan 20, 2026 92
Amajjii 12/2018(ENA)- Taphoonni Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa 7ffaan har’aa fi booru gaggeeffamu. Taphni har’a galgala sa’aatii shanirratti Istaadiyeemii Saan siirootti kilaba Intar Miilaanii fi Arsenaal gidduutti taassifamu Xiyyeeffannoo daawwattootaa hawateera. Intar Miilaan taphoota jaha hanga ammaatti taasiseen qabxii 12n sadarkaa 6ffaarratti argama. Morkataansaa Arsenaal gamasaan qabxii 18n sadarkaa 1ffaarratti argama. Kanaanis shaampiyoonsi liigii bara Kanaan taphoota hunda kilabii qofeessa injifatedha.   Kilaboonni lameen shaampiyoonsi Liigii Awurooppaan yoo waliin taphatan kun kan 4ffaa yoo ta’u, ammaan dura taphoota 3 gaggeessaniin Arsenaala yeroo 2 yoo injifatu Intarmiilaan yeroo tokko injifateera. Gareewwan kun yeroo dhumaaf waltajjii Awurooppaarratti kan walitti dhufan A.L.A bara 2024/25n kan ture yoo ta’u, yeroo sana Intar miilaan haakan chalaanoglu galchii rukkuttaa adabbiin lakkoofsiseen 1 fi 0n injifateera. Intar Miilaan dursaa garee seerii’aa fi Arsenaal dursaa garee piriimar liigii Inglizi . Kilabiin xaaliyaanii yeroo sadii waancaa shaampiyoonsi liigii Awurooppaa yoo injifatu, faallaasaan Arsenaal Shaampiyoonsi Liigii injifatee hin beeku. Kilaboonni lameen taphichaan morkii cimaa gaggeessu jedhameetu eegama.   Sagantaawwan biroon Ispoortingi Liizban injifataa dorgommii wayita sanaa PSG, Riyaal Maadriid Monakoo waliin, Tootinihaam Hotispersi Boruusiyaa Dortimundi waliin, Koppenhagen Naapoolii waliin, Viyaariyaal Ayaaksii waliin, akkasumas Olompiyaakos Baayer Leverkusen waliin yeroo wal fakkaatu sa’aatii shanitti ni taphatu. Galgala sa’aatii 2 fi 45tti Bodogiliimti Maanchistar Siitii fi Kayraat Almaatii Kilab Biruuzyi waliin taphatu.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Itiyoophiyaan bulchiinsa qabeenya bishaanii fi hojiilee misooma sululssrratti hojiiwwan bu’a qabeessa ta’an hojjechaa jirti
Jan 22, 2026 18
Amajjii 14/2018(ENA) - Itiyoophiyaan bulchiinsa qabeenya bishaanii fi misooma sululaa irratti hojiiwwan bu’a qabeessa ta’an hojjechaa jiraachuu Ministirri Bishaanii fi Inarjii doktar Injiinar Habtaamuu Ittafaa ibsan. Ministeerri Bishaanii fi Inarjii bara baajata bara 2018 gamaaggama raawwii karoora ji'a 6 magaalaa Naqamteetti gaggeessaa jira. Doktar Injiinar Habtaamuu Ittafaan wayita sana akka jedhanitti, baroota darbe qabeenya bishaanii haala gaariin misoomsuun itti fayyadamuuf tarkaanfiiwwan fudhataman bu’aa gaarii argamsiisaniiru.   Itiyoophiyaan kan hordoftu itti fayyadamaa fi bulchiinsi qabeenya bishaanii haqa qabeessaa fi madaalawaa ta’een hojii misoomaa saffisiisuu keessattis gahee olaanaa qaba jedhan. Itiyoophiyaan bulchiinsa qabeenya bishaanii fi misooma bishaan sululaa irratti hojiiwwan bu’a qabeessa qabatamaa hojjetteetti jedhan. Gama biraatiin ministeerichi misooma bishaan kuufamaa fi fooyya’iinsa jireenyaa naannoo gammoojjiitti hojiiwwan abdachiisaa ta’e hojjechaa jiraachuu eeraniiru.   Qabeenya bishaaniin dabalatatti qabeenya anniisaa sirnaan adda baasuu fi hojiirra oolchuun itti fayyadamuu akka barbaachisu himaniiru. Waltajjii kana irratti Miseensonni Mana Maree Bakka Bu'oota ummataa, hoggantoonni Biiroo Bishaanii fi Inarjii Mootummaa Federaalaa fi Naannoolee, akkasumas Bulchiinsa magaalota lamaanii hirmaataniiru.
Godina Wallaggaa Lixaatti sululoota 487 irratti hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii hojjetamaa jira
Jan 22, 2026 15
Amajjii 14/2018(ENA) – Godina Wallaggaa Lixaatti sululoota 487 irratti hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii gaggeeffamaa jiraachuu Biiroon Qonnaa Godinichaa ibse. Waajjira Qonnaa Godina Wallaggaa Lixaatti Dursaan Garee Eegumsa Qabeenya Uumamaa obbo Fiqiruu Birhaanuu akka jedhanitti, Godinicha keessatti sululoota 487 irratti hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii hojjetamaa jira.   Hojiilee bara darbe kunuunsa biyyee fi bishaaniif taasifame irraa qonnan bultoonni faayidaa qabatamaan waan arganiif, kan baranaas haala gaariin irratti hirmaachaa jiru jedhan. Hojiilee kunuunsa biyyee fi bishaaniif bara darbe taasifameen lafti dhiqamee ture deebi’ee misoomeera jedhan.   Bara darbe hojii misooma kunuunsa biyyee fi bishaanii hojjetaniin faayidaa argachuu eeruun, kan baranaas haala gaariin irratti hirmaachaa jiraachuu kan himan immoo qonnaan bulaa obbo Hambisaa Guddinaati. Lafti isaanii kanaan dura dhiqama biyyeef saaxilamee oomishaa fi oomishtummaan kan gadi bu’e ta’uu eeruun, amma garuu lafti isaanii damdamachuu himaniiru.   Hojiilee kunuunsa biyyee fi bishaaniin daagaa fi hojiiwwan eegumsa naannoo kan biroo hojjetaniin naannoo isaaniitti jijjiiramni qabatamaan argameera kan jedhan immoo qonnaan bulaa gara biroo obbo Kennasaa Ammumaa dha. Kanaafuu kunuunsa biyyee fi bishaanii misooma daagaa irratti qonnaan bultoota biroo waliin ta’uun hirmaachaa akka jiran dubbataniiru.
Misoomni kunuunsa naannoon hojjetaman dhaloota fayyaa qabeessa horachuuf faayidaa olaanaa qabu
Jan 16, 2026 87
Amajjii 8/2018(ENA) – Itiyoophiyaatti hojiiwwan kunuunsa naannoo fi misooma magariisaan hojjetaman dhaloota fayyaa qabeessa horachuu keessatti faayidaa olaanaa akka qaban ogeessonni fayyaa dhaabbilee fayyaa idil-addunyaa keessa hojjetan ibsan.   Sirni hundeeffama Waldaa Daa'immanii Heemaatooloojii fi Onkooloojii Itiyoophiyaa magaalaa Finfinneetti gaggeeffameera. Sirna kana irratti ogeessonni fayyaa ENAtti akka himanitti Itiyoophiyaatti misoomni kunuunsa naannoo fi misoomni magariisaa fayyaa namaa eeguuf, sochii ispoortii fi hariiroo hawaasaaf faayidaan isaan qaban olaanaa jedhan.   Awustiraaliyaatti ogeessa fayyaa kan ta’an doktar Biroonwin Maakinaamaaraa magaalaa Finfinneetti qulqullina naannoon,bakkeewwan magariisaa fi paarkota babal’isuun hojiin hojjetame magaalittiin kan duraarraa adda ta’uu ibsan. Keemikaalonnii fi pilaastikoonni rakkoo fayyaa geessisuu waan danda’aniif, faalama hambisuuf tattaaffiin adeemsifamaa jiru kan ajaa’ibsiifamu ta’uu himan. Hojiiwwan kunuunsa naannoo taasifame eegumsa fayyaaf faayidaa olaanaa qabu jedhan Yunivarsiitii Toroontootti piroofeesara kan ta’an Shiilaa Wayitzimaan.   Magariisnii fi naannoon qulqulluu eegumsa fayyaaf wantoota gargaaruu danda’an keessaa tokko ta’uu eeruun, dhibee dursanii ittisuun brabaachisaadha jedhan.   Daarektarri Piyuur Eerzi (Pure Earth) Baha Afrikaa Fireewu Kaffaaloo gama isaaniin waggoota hedduudhaaf kunuunsaa fi eegumsa qulqullina naannoo irratti dargaggoota hirmaachisuun hojjechaa jiraachuu himan.
Godinichatti lafa heektaara kuma 273 caalu irratti hojiin eegumsa biyyoo fi bishaanii gaggeeffamuu eegaleera
Jan 15, 2026 94
Amajjii 7/2018(ENA)- Godina Shawaa Lixaatti lafa heektaara kuma 273 caalu irratti hojiin eegumsa biyyoo fi bishaanii gaggeeffamuu eegaluusaa bulchaan godinichaa ibse. Hojiin eegumsa biyyoo fi Bishaanii sadarkaa godinaatti gaggeeffamu aanaa Amboo ganda Ilaamuu Goromtiitti ifatti eegalameera. Itti aanaa bulchaan godina Shawaa Lixaa obbo Abbabaa Camadaa wayita sana akka jedhanitti, hojiileen eegumsa biyyoo fi bishaanii waggoottan darban raawwataman lafti deebi’ee akka gabbatu godheera. Bona kanas hojii kana itti fufsiisuudhaan duula eegumsa biyyoo fi bishaanii qindaa’aa baatii lamaaf turu kutaalee hawaasaa garagaraa hirmaachisuun lafa heektaara kuma 273 caalurratti hojiin eegumsa biyyoo fi bishaanii akka raawwatu dubbataniiru. Hojii bifa duulaan gaggeeffamu Kanaan jiraattonni godinichaa kuma 600 caalan ni hirmaatu jedhamee akka eegamus himaniiru. Itti aanaan hoogganaa waajjira qonnaa godina Shawaa Lixaa obbo Abdiisaa Hayiluu gamasaaniin, hojii eegumsa biyyoo fi bishaanii bu’a qabeessa gochuuf ogeeyyota qonnaa sadarkaan jiran, qonnaan bultootaa fi kutaalee hawaasaa biroof leenjiin kennamuu dubbataniiru. Bulchaan aanaa Amboo obbo Masarat Guddisaa akka jedhanitti, hojiilee eegumsa qabeenya uumamaa yeroo darbe aanichatti gaggeeffameen bakkeewwan misoomaan ala turan deebi’anii misoomaa jiru. Hawaasnis faayidaasaa waan hubateef misooma sululaarratti hirmaachaa jiraachuu eeranii, aanichatti lafa km kuma 2 fi 700 ol hojiileen daagaa, lubbu qabeeyyii ni raawwatama jedheera. Qonnaan bultoonni aanaa Amboo ganda Ilaamuu Goromtii hojiin misooma sululaa hojiirra osoo hin ooliin dura lafti qonnaa isaanii biyyoon gabbataan lolaan waan haxaa’ameef oomishtummaansanii hir’achuusaa eeraniiru. Rakkoo kana furuufis hojii eegumsa biyyoo fi bishaanii qindaa’aarratti hirmaachuusaanii ibsaniiru. Hojiileen eegumsa biyyoo fi bishaanii waggoottan darban misooma sululaan raawwataman dhiqama biyyoo oolcheera jedhan. Kunis oomishni midhaanii akka dabalu gochuusaa dubbataniiru.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 16533
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 1771
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan.   Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru.   Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru.   Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.  
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015