Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Hojiileen misoomaa Imala bayyanachuu Itiyoophiyaa cimsan dinqisiisoon hojjetamaniiru- Tajaalila Komunikeeshinii Mootummaa
Jan 13, 2026 21
Amajji 5/2018(ENA)- Bara baajataa 2018 baatiiwwan jahan darbanitti,hojiileen imala bayyanachuu Itiyoophiyaa cimsan dinqisiisoon hojjetamaniiru jedhe Tajaalilli Komunikeeshinii Mootummaa Raawwii misoomaa ji’oota jahan darbanii bara baajataa kanaa ilaalchisee Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa Miidiyaaleef ibsa kenneera. Ibsa kana kan kennan Ministira Ministeera Komunikeeshinii Mootummaa Federaalaa Itiyoophiyaa Innaataalem Mallas yoo ta’an, barri 2018 bara bayyanachuu Itiyoophiyaa ta’uu ibsaniiru. Bara baajataa kana ji’oota jahan darban keessatti bu’aaleen misoomaa dinqisiisoo ta’an kanneen dandamachuu Itiyoophiyaa cimsan galmaa’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaa bara 2030tti mallattoo badhaadhina Afrikaa kan taasisu dameewwan diinagdee hedduu keessatti bu’aaleen misoomaa galmaa’aa jiraachuu ibsaniiru. Eebbifamuun Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa fi jalqabamuu piroojektoota missiraachoo Gubaa Itiyoophiyaan pirojektoota misoomaa gurguddoo jalqabsiisuu fi xumuruuf dandeettii akka qabdu kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru. Ijaarsi Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Bishooftuu, imaltoota miiliyoona 110 keessummeessuu danda’u, Itiyoophiyaan gara fuulduraatti wiirtuu geejjibaa qilleensaa Afrikaa fi addunyaa taasisuu eegaluun ishee barbaachisummaa guddaa ta’uu akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Haaromsi diinagdee biyya keessaa mootummaan Ida’amuu taasises bu’aa guddina Itiyoophiyaa guddisu kan argamsiisu ta’uu ibsaniiru.
Mootummaan Ida’amuu lammiilee Itiyoophiyaa kan tokkoomsu seenessa waloo ijaaruuf xiyyeeffannoo addaatiin hojjechaa jira
Jan 12, 2026 116
Amajji 4/2018(ENA) - Mootummaan Ida’amuu Itiyoophiyaanota kan tokkoomsu seenessa waloo ijaaruuf xiyyeeffannoo addaatiin hojjechaa jiraachuu Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataatti ministirri Bakka Bu'aa Mootummaa doktar Tasfaayee Beeljigee ibsan. Konfiraansiin biyyoolessaa seenessa waloo Itiyoophiyaa bocuuf kaayyeffate magaalaa Jimmaatti gaggeeffamaa jira. Waltajjicharratti, Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataatti ministirri Bakka Bu'aan Mootummaa doktar Tasfaayee Beeljigee barreeffama mata duree "Eenyummaa Biyyaalessaa, Yaadannoo Waloo fi Fudhatamummaa Mootummaa; Muuxannoo Itiyoophiyaa fi Kallattii Yeroo Ammaa kaahame" jedhuun kallattiiwwan ijoo Mootummaan Ida’amuu badhaadhina biyyaalessaa mirkaneessuuf fudhate ibsu dhiyeessan.   Barreeffama isaanii ka’umsaa keessatti qaroomina Itiyoophiyaa durii, argama qaroominaa ta’uushee, muuxannoo siyaasaa kan kan qabdu, miseensa Liigii of nashinii kan jalqabaa ta’uu ishee fi hundeessituu Gamtaa Afrikaa akka turte ibsaniiru. Injifannoo Adwaa bara 1888 kan gonfattee fi aadaa miidhagaan kan badhaate ta’uu eeraniiru.   Lammiileen Itiyoophiyaa gaafa rakkoo kan waliin dhaabbatan ta’uu eeruun, haa ta’u malee, aadaan siyaasaa duubatti hafee fi seenessi wal dhahaa ijaarsa mootummaa irratti gufuulee ijoo ta’anii akka turan akeekaniiru. Kanaafuu Mootummaan Ida’amuu jijjiirama jiruuf xiyyeeffannoo kennuun rakkoolee kanaan dura turan hundeen furuuf seenessa waloof xiyyeeffannoo guddaa kennee hojjechaa jira jedhan. Waliigaltee fi araara biyyoolessaa, ilaalchi waloo fi gabaa yaadaa, siyaasa yaadaa, waliigaltee dimokiraasii Itiyoophiyaa, birmadummaa diinagdee, badhaadhina biyyaalessaa mirkaneessuuf hojiin bu’a qabeessa ta’e hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Konfiraansii kanarratti Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataatti ministirri Bakka Bu'aan Mootummaa doktar Tasfaayee Beeljgee, Ministirri Jallisii fi Naannawaa Gammoojjii doktar Abrahaam Balaay, Af-yaa'iin Mana Maree Naannoo Oromiyaa, Sa’aadaa Abdurahmaanii fi hoggantoonni federaalaa fi naannoolee biroo, akkasumas keessummoonni affeeraman argamaniiru.
Nagaa fi tasgabbii biyyaa eeguu fi yakka ittisuun hojiin bu'a qabeessi hojjetameera - Poolisii Federaalaa Itiyoophiyaa
Jan 12, 2026 83
Amajji 4/2018(ENA)- Baatiiwwan jahan darban keessatti nageenyaa fi tasgabbii biyyaa eeguu fi akkasumas yakka ittisuuf hojiin hojjetame bu’aa qabeessa dha jedhan ajajaan Poolisii Federaalaa Itiyoophiyaa Komishinar Jeneraal Dammallaash G/Mikaa’el. Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa gamaaggama raawwii hojii karoora ji'oota jahaa bara bajataa 2018 gaggeessaa jira.   Komishinar Dammallaash G/Mikaa’el akka jedhanitti poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa qaamolee nageenyaa naannoolee waliin ta’uun nageenyaa fi tasgabbii mirkaneessuuf hojiin hojjete bu’aa qabeessa dha. Yakka ittisuu, qorannoo yakkaa, misooma humna namaa, dandeettii loojistiskii guddisuu fi itti fayyadama teeknooloojii irratti hojiin bu’a qabeessa ta’e hojjetamuu ibsaniiru. Sochii humnoota shororkeessummaa to’achuu fi olaantummaa seeraa kabachiisuu keessattis hojiiwwan milkaa’oo ta’an hojjetamuu eeraniiru. Baatiiwwan jahan darbanitti poolisiin meeshaalee kontirobaandii birrii biiliyoona 14 ol ta’utti tilmaamamu to’annaa jala oolchuu eeruun, daddabarsa namoota seeraan alaa fi qoricha sammuu namaa hadoochu haala qindoomina qabuun ittisuuf tarkaanfiiwwan bu’a qabeessa ta’an fudhatamuu himaniiru. Ayyaanonni biyyaalessaa fi amantii, akkasumas konfiraansiin gurguddoo ardiilee fi idil-addunyaa milkaa’inaan gaggeeffamuu ibsaniiru.   Tajaajilli poolisii teeknooloojiin akka guddatu tattaaffii taasifamaa jiru cimsuu eeruun, buufanni poolisii ismaartii Itiyoophiyaa jalqabaa guyyoota muraasa keessatti hojii eegala jedhan. Hojiin yakka ittisuu fi qorannoo poolisii haala mirga namoomaa fi ulfina lammiilee kabaju eeguun hojjetamaa jiraachuu ibsuun, dandeettiin qorannoo fooransiikii guddachaa akka jirus ibsaniiru.
Kan mul'ate

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa
Ijaarsi Seenessa waloo meeshaa walooma ummataa cimsu abdii boruu kan ijaarudha
Jan 12, 2026 115
  Amajjii 4/2018(ENA)- Ijaarsi seenessa waloo cabinsa suphuun walooma hawaasaa kan cimsu abdii booruu ijaaruuf meeshaa murteessaa ta’uu hogganaan waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Oromiyaa Kaffaaloo Tafarraa ibsan. Itiyoophiyaatti konfiraansiin seenessa biyyoolessaa waloo bocuuf Kaayyeffate Magaalaa Jimmaatti gaggeeffamuu eegaleera.   Hogganaan Paartii Badhaadhinaa waajjira Damee Naannoo Oromiyaa Kaffaaloo Tafarraa wayita sana akka ibsanitti, Ijaarsi seenessa waloo tokkummaa fi walooma ummataa kan cimsu meeshaa abdii egeree ijaarudha. Seenessi qoqqoodinsaa ijaarsa mootummaaf gufuu ta’uu eeruun, seenessa waloo ijaaruun bu’uura mootummaa cimaa akka jabeessu dubbataniiru. Itiyoophiyaatti Ijaarsi seenessa waloo cabinsa Hawaasummaa, Diinagdee fi Siyaasaa suphuun waloomaa fi fayyadamummaa hunda galeessa lammiileef carraa murteessaa ta’uu ibsaniiru. Kanaanis mootummaa Ida’amuun ijaarsi seenessa waloo Itiyoophiyaa tokkummaa sab-daneessummaa lammiileen badhaate ijaaruuf hojiin milkaa’inaa qabu hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.   Seenessa waloo fulla’aa imaammataan deeggaruun dhimma murteessaa xiyyeeffannoon itti kenname ta’uu hubachiisaniiru. Seenessa waloo bu’uura cimaarratti hundeessuuf tattaaffii taassifamu keessatti Hayyoonnii fi qaamoleen qooda fudhattootaa shoorasaanii akka bahan dhaamaniiru. Pirezidaantiin Yunvarsiitii Jimmaa Doktar Jamaal Abbaa Fiixaa ijaarse seenessa waloo hammataan ijaarsa mootummaaf faayidaa guddaa qaba jedhaniiru. Fuuldurattis Ijaarsa seenessa waloo hammataa Itiyoophiyaanotaa taasifamu keessatti dhimmoota ijoorratti walii galtee uumuuf tattaaffii taasifamu keessatti shoorasaanii akka bahan ibsaniiru. Konfiraansicharratti Mana Maree Bakka Bu’oota ummataatti Ministirri itti waamamaan Mootummaa doktar Tasfaayee Beeljigee, Ministirri Jallisii fi Naannawaa Gammoojjii Doktar Abiraam Balaayii, Af-yaa’iin Caffee Oromiyaa Sa’aadaa Abdurahimaan, Itti Gaafatamaan Paartii Badhaadhinaa waajjira Damee Naannoo Oromiyaa Kaffaaloo Tafarraa fi hoggantoonni Federaalaa fi naannoolee akkasumas keessummoonni waamichi taassifameef argamaniiru
Gurmaa’insi Gandaa Haaraan jiraattonni Tajaajila Mootummaa dhiheenyatti akka argataniif  haala mijataa uumeera
Jan 9, 2026 357
Amajjii1/2018(ENA)-Naannoo Oromiyaatti Gurmaa’insi gandaa hojiirra oole tajaajila mootummaa dhiheenyatti akka argataniif haala mijataa uumuu Godina Baaleetti Jiraattonni Aanaa Harannaa Bulluq ibsan. Bulchaan Godinichaa gamasaaniin gurmaa’insigandoota189tti hundeeffaman jiraattotaaf tajaajila dhiheenyatti kennuurra darbee yeroo fi baasii qusachuun hojiiwwan misoomaarratti akka xiyyeeffatan tasisuu ibsaniiru. Jiraattota Aanaa Harannaa Bulluq Ganda Qumbii keessaa obbo Hasan Ahimad, gurmaa’insichi tajaajila mijataa fi si’ataa dhiheenyatti akka argannu nu taassiseera jedhaniiru. Ammaandura tajaajila mootummaa argachuuf gara Aanaa fi Bulchiinsa magaalaatti deddeebbiin taassifnu yeroo kan fixuu fi dadhabbii kan qabu akka ture ibsuun ‘’Gurmaa’insi Gandaa Haaraan kana salphisuun fayyadamuu nu taassiseera” jedhaniiru. Tajaajilamaa biroon Obbo Ahimad Mahaammad akka jedhanitti gurmaa’insi gandaa hirmaannaa misoomaa hawaasichaa guddisuun rakkoowwan bu’uuraalee misoomaa ammaan dura turan hirmaannaa uummataan akka furamaniif carraa kenneera. Yeroo gabaabaa keessatti hawaasa hirmaachisuun hojiiwwaqn misoomaa hojjetaman keessaa Riqichaa fi Daree Barnootaa dabalataa akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Bulchaan Aanaa Harannaa Bulluq Obbo Ibiraahim Hasan gamasaaniin gurmaa’oinsi haaraan gaaffiiwan misoomaa fi Bulciinsa gaarii Uummata Aanichaa yeroo dhihootti deebisuuf kan deeggaru ta’uu dubbataniiru. Bakkabu’aanBulchaaGodina Baalee ObboBiraanuu Arfaasaa gamasaaniin gandoota189 godinichatti argamanittigurmaa’insi hundeeffamanii gara hojiitti galuusaanii dubbataniiru. Gurmaa’insa gandaa kanatti hoggantonni ramadamaniiHawaasa dhiheenyatti akka tajaajila taassifamuu ibsaniiru. Gurmaa’insi gandaa komiiwwan ammaan dura Godinaa fi aanaatti dhufaa ture hir’isuu itti quufinsa uummataa dabalaa dhufeera. Hoggantoonnii fi ogeessonni hawaasicha haala fooya’een akka tajaajilaniif leenjiin ijaarsa dandeettii fi deeggarsaa fi hordoffiin taassifamaa jiraachuu ibsaniiru. Naannoo Oromiyaatti kenna tajaajilaa fooyyessuu fi rakkoo Bulchiinsa gaarii dhiheenyatti hiikuuf gurmaa’insi haaraan Ganda hojiirra ooluun ni yaadatama. Gurmaa’insi kun hawaasni misoomaan fayyadamaa akka ta’uu fi gaaffiiwwan bulchiinsa gaarii hirmaannaa hawaasaan deebii akkaa argatan taassifamuu ibsaniiru.
Loltummaan gufuuwwan nama mudatan dura dhaabbachuun naamusaa fi gootummaa gaafata.- Leetenaal Jeneraal Shuumaa Abdataa
Jan 4, 2026 765
Mudde26/2018(ENA) – Loltummaan Gootummaa fi naamusa guutuun dhaabbachuun gufuwwan namtolchee fi uumamaan osoo hin injifatamiin cimanii dhaabbachuu gaafata jedhan Ajajaa duula addaa Leetenaal Jeneraal Shuumaa Abdataa ibsan. Gidduugalli Leenjiin duula addaa loltoota leenjii bu’uura loltummaa leenjisaa ture guyyaa har’aa sirna ho’aan eebbiseera.   Eebbifamtoonni kun leenjii bu’uuraa Loltummaa fi ulaagaa filannoo koomaandoo kan guutanidha. Sagantaa eebbaa kanarratti kan argaman Ajajaa duula addaa Leetenaal Jeneraal Shuumaa Abdataa ogummaan Loltummaa Gootummaa Naamusaan guutame kan barbaadu ta’uusaan olitti qormaatilee uumamaa fi namtolcheen osoo hin injifatamiin dhaabbachuu barbaada jedhaniiru.   Kun yeroo ta’u lubbuu darbuun seenaa hin dabarre barreessuun onnee lammiilee keessatti dhalootaa dhalootatti darbuun barabaraan akka jiraatu ibsaniiru. Leenjii bu’uura loltummaa xumuranii loltoonni eebbifaman fuulduratti komaandoo, humna qilleensaa(ayyarwaladii), humna addaa fi farra shororkeessaa akkasumas eegumsa humna rippaabilikaatti makamuuf leenjii isaan dandeessisu gahumsaan akka bahan hubachiisaniiru.   Ajajaan duula addaa fi humna eegumsa rippaabilikaa fi miseensonni yeroo haalli rakkisaan Itiyoophiyaa mudate hundatti jiraachuusaanii qabatamaan kan mirkaneessan ijoollee guyyaa rakkoo ta’uusaanii Leetenaal Jeneraal Shuumaa Abdataa ibsaniiru. Eebbifamtoonni kun turtiisaanii gahumsa qaamaa cimaa, tooftaawwan waraanaa adda addaa, halkanii fi guyyaa bobba’uu fi shaakalaan kan gabbifatan ta’uun olitti barumsa xiinsammuu fi fayyaa kan baratan ta’uusaanii kan ibsan immoo Ajajaa gidduugala Duula Addaa Birgaadar Jeneraal Bojaa Aagaa dha. Gidduugalli leenjii kun humna simannaasaa sadarkaa olaanaan guddisuun kan ibsan Birgaadar Jeneraal Bojaa Aagaa bu’uuraalee misomaa leenjii babal’isuun danda’ameera jedhaniiru.   Eebbifamtoonni turtii leenjiisaaniitti hoggantoonnii fi leenjiftoonni isaan gahoomsuuf tattaaffii taassisan hundaaf galateeffachuun, leenjii bu’uuraa koomaandoo fuulduratti isaan eeggatuuf qophii ta’uusaanii odeeffannoon Miidiyaa Onlaayinii Raayyaa Ittisa Biyyaa ni mul’isa.
Aadaan siyaasaa nagaa qabeessi milkaa’ina Filannoo Dimokirasiif  bu’uura  
Jan 4, 2026 493
Mudde26/2018(ENA)– Aadaan siyaasaa nagaa qabeessi milkaa’ina Filannoo Dimokirasiif bu’uura murteessaa ta’uu Ministirri Nageenyaa Mahaammad Idiriis ibsan. Ministeerri nageenyaa Mana maree waloo paarstiilee siyaasaa Itiyoophiyaa waliin qindaa’uun Mata duree “sochii siyaasaa nagaa qabeessa Filannoo nagaaf“ jedhuun waltajjii marii gaggeessaa jira. Ministirri Nageenyaa Mahaammad Idiriis Waltajjicharratti akka dubbatanitti, Filannoon ijaarsa mootummaa fi sirna dimokiraasii cimsuuf utubaa cimaadha. Paarsiileen siyaasaa nagaa fi tasgabbii biyyaa eegsisuurratti itti gaafatamummaa guddaa akka qaban eeruun, adeemsa filannoo nagaaf qooda murteessa qabaachuusaanii dubbataniiru. Keessumaa waktii filannoos ta’e yeroo biroo sochiiwwan siyaasaa taassifaman kamiyyuu tokkummaa biyyaa fi nageenya uummataa haala eegeen raawwatamuu akka qabu dubbataniiru. Filannoo nagaaqabeessa mirkaneessuuf hojii mootummaa qofa osoo hin ta’iin qindoomina paartiilee siyaasaa, kan dhaabbilee hawaasa sivilii fi tattaaffii hawaasa hundaa kan gaafatu ta’uu ibsaniiru. Filannoon biyyoolessaa 7ffaan milkaa’inaan akka xumutamuuf paartiileen siyaasaa itti gaafatamummaasaanii akka bahaniif waamicha dhiheessaniiru. Itti gaafatamaan Manne maree waloo paartiilee siyaasaa Itiyoophiyaa Salamoon Ayyalaa gamasaaniin Manni mariachi sirna Dimokiraasii cimaa ijaaruu fi sirna paartii himaachisaa cimsuuf shoorasaa taphachaa jiraachuu dubbataniiru. Filannoon biyyoolessaa 7ffaan milkaa’aa akka ta’uuf manni mariachi qophii barbaachisaa raawwachaa jiraachuu ibsaniiru.

Hawaasummaa
Mootummaan Ida’amuu lammiilee Itiyoophiyaa kan tokkoomsu seenessa waloo ijaaruuf xiyyeeffannoo addaatiin hojjechaa jira
Jan 12, 2026 116
Amajji 4/2018(ENA) - Mootummaan Ida’amuu Itiyoophiyaanota kan tokkoomsu seenessa waloo ijaaruuf xiyyeeffannoo addaatiin hojjechaa jiraachuu Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataatti ministirri Bakka Bu'aa Mootummaa doktar Tasfaayee Beeljigee ibsan. Konfiraansiin biyyoolessaa seenessa waloo Itiyoophiyaa bocuuf kaayyeffate magaalaa Jimmaatti gaggeeffamaa jira. Waltajjicharratti, Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataatti ministirri Bakka Bu'aan Mootummaa doktar Tasfaayee Beeljigee barreeffama mata duree "Eenyummaa Biyyaalessaa, Yaadannoo Waloo fi Fudhatamummaa Mootummaa; Muuxannoo Itiyoophiyaa fi Kallattii Yeroo Ammaa kaahame" jedhuun kallattiiwwan ijoo Mootummaan Ida’amuu badhaadhina biyyaalessaa mirkaneessuuf fudhate ibsu dhiyeessan.   Barreeffama isaanii ka’umsaa keessatti qaroomina Itiyoophiyaa durii, argama qaroominaa ta’uushee, muuxannoo siyaasaa kan kan qabdu, miseensa Liigii of nashinii kan jalqabaa ta’uu ishee fi hundeessituu Gamtaa Afrikaa akka turte ibsaniiru. Injifannoo Adwaa bara 1888 kan gonfattee fi aadaa miidhagaan kan badhaate ta’uu eeraniiru.   Lammiileen Itiyoophiyaa gaafa rakkoo kan waliin dhaabbatan ta’uu eeruun, haa ta’u malee, aadaan siyaasaa duubatti hafee fi seenessi wal dhahaa ijaarsa mootummaa irratti gufuulee ijoo ta’anii akka turan akeekaniiru. Kanaafuu Mootummaan Ida’amuu jijjiirama jiruuf xiyyeeffannoo kennuun rakkoolee kanaan dura turan hundeen furuuf seenessa waloof xiyyeeffannoo guddaa kennee hojjechaa jira jedhan. Waliigaltee fi araara biyyoolessaa, ilaalchi waloo fi gabaa yaadaa, siyaasa yaadaa, waliigaltee dimokiraasii Itiyoophiyaa, birmadummaa diinagdee, badhaadhina biyyaalessaa mirkaneessuuf hojiin bu’a qabeessa ta’e hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Konfiraansii kanarratti Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataatti ministirri Bakka Bu'aan Mootummaa doktar Tasfaayee Beeljgee, Ministirri Jallisii fi Naannawaa Gammoojjii doktar Abrahaam Balaay, Af-yaa'iin Mana Maree Naannoo Oromiyaa, Sa’aadaa Abdurahmaanii fi hoggantoonni federaalaa fi naannoolee biroo, akkasumas keessummoonni affeeraman argamaniiru.
Nagaa fi tasgabbii biyyaa eeguu fi yakka ittisuun hojiin bu'a qabeessi hojjetameera - Poolisii Federaalaa Itiyoophiyaa
Jan 12, 2026 83
Amajji 4/2018(ENA)- Baatiiwwan jahan darban keessatti nageenyaa fi tasgabbii biyyaa eeguu fi akkasumas yakka ittisuuf hojiin hojjetame bu’aa qabeessa dha jedhan ajajaan Poolisii Federaalaa Itiyoophiyaa Komishinar Jeneraal Dammallaash G/Mikaa’el. Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa gamaaggama raawwii hojii karoora ji'oota jahaa bara bajataa 2018 gaggeessaa jira.   Komishinar Dammallaash G/Mikaa’el akka jedhanitti poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa qaamolee nageenyaa naannoolee waliin ta’uun nageenyaa fi tasgabbii mirkaneessuuf hojiin hojjete bu’aa qabeessa dha. Yakka ittisuu, qorannoo yakkaa, misooma humna namaa, dandeettii loojistiskii guddisuu fi itti fayyadama teeknooloojii irratti hojiin bu’a qabeessa ta’e hojjetamuu ibsaniiru. Sochii humnoota shororkeessummaa to’achuu fi olaantummaa seeraa kabachiisuu keessattis hojiiwwan milkaa’oo ta’an hojjetamuu eeraniiru. Baatiiwwan jahan darbanitti poolisiin meeshaalee kontirobaandii birrii biiliyoona 14 ol ta’utti tilmaamamu to’annaa jala oolchuu eeruun, daddabarsa namoota seeraan alaa fi qoricha sammuu namaa hadoochu haala qindoomina qabuun ittisuuf tarkaanfiiwwan bu’a qabeessa ta’an fudhatamuu himaniiru. Ayyaanonni biyyaalessaa fi amantii, akkasumas konfiraansiin gurguddoo ardiilee fi idil-addunyaa milkaa’inaan gaggeeffamuu ibsaniiru.   Tajaajilli poolisii teeknooloojiin akka guddatu tattaaffii taasifamaa jiru cimsuu eeruun, buufanni poolisii ismaartii Itiyoophiyaa jalqabaa guyyoota muraasa keessatti hojii eegala jedhan. Hojiin yakka ittisuu fi qorannoo poolisii haala mirga namoomaa fi ulfina lammiilee kabaju eeguun hojjetamaa jiraachuu ibsuun, dandeettiin qorannoo fooransiikii guddachaa akka jirus ibsaniiru.
Seenessa waloo ijaaruun ijaarsa mootummaa fi tokkummaa sab-daneessummaaf murteessaa ta’uu Ministirri Nageenyaa Mahaammad Idiriis ibsan
Jan 12, 2026 55
Amajjii 4/2018(ENA) - Seenessa waloo qabaachuun ijaarsa mootummaa fi tokkummaa sabootaa fi sablammootaaf murteessaa ta’uu Ministirri Nageenyaa Mahaammad Idiriis ibsan. Itiyoophiyaatti konfiraansiin biyyoolessaa Seenessa waloo qabaachuu irratti kan xiyyeeffate Magaalaa Jimmaatti gaggeefamuu eegaleera. Ministirri Ministeera Nageenyaa Mahaammad Idiriis wayita sana haasaa taassisaniin, seenessi waloo hanqinoota jiran kan walitti araarsu, hedduummina keessatti duudhaawwan tokkummaa jiru dagaagsuuf kan dandeessisu ta’uu dubbataniiru.   Seenessa waloo ijaaruun ijaarsa mootummaa fi tokkummaa sab-daneessummaaf murteessaa ta’uu kan eeran Ministiirichi, yaadonnii fi seenessi qeenxeen saba adda qoodan dhabamsiifamuu akka qaban ibsaniiru. Itiyoophiyaan tokkummaa sab-daneessummaan imala olka’insaa eegaluushee ibsuun, dhaloota seenessa waloon bocuun akka barbaachisu hubachiisaniiru. Kanaafis qaamoleen qooda fudhattootaa hundi seenessa waloo ijaaruuf qindoominaan hojjechuu qabu jedhaniiru. Walii galtee biyyoolessaa dagaagsuuf amma yeroo sirriidha kan jedhan Ministirichi, adeemsa Marii Biyyoolessaa sirnaan fayyadamuunii fi yaada karaa qaroomeen dhiheessuun bu’aa qabeessummaasaaf tumsuun akka barbaachisu eeraniiru. Seenaa irraa barachuuf qofa fayyadamuun barbaachisaa dha kan jedhan obbo Mahaammad, seenaa kaleessaarraa duudhaa seenaa barsiisaa ta’an fudhachuun har’as ida’amnee seenaa caalu hojjechuu qabna jedhaniiru.   Konfiraansicharratti Mana Maree Bakka Bu’oota ummataatti Ministirri itti waamamaan Mootummaa doktar Tasfaayee Beeljigee, Ministirri Jallisii fi Naannawaa Gammoojjii Doktar Abiraam Balaayii, Af-yaa’iin Caffee Oromiyaa Sa’aadaa Abdurahimaan, Itti Gaafatamaan Paartii Badhaadhinaa waajjira Damee Naannoo Oromiyaa Kaffaaloo Tafarraa fi hoggantoonni Federaalaa fi naannoolee akkasumas keessummoonni waamichi taassifameef argamaniiru.  
Diinagdee
Hojiileen misoomaa Imala bayyanachuu Itiyoophiyaa cimsan dinqisiisoon hojjetamaniiru- Tajaalila Komunikeeshinii Mootummaa
Jan 13, 2026 21
Amajji 5/2018(ENA)- Bara baajataa 2018 baatiiwwan jahan darbanitti,hojiileen imala bayyanachuu Itiyoophiyaa cimsan dinqisiisoon hojjetamaniiru jedhe Tajaalilli Komunikeeshinii Mootummaa Raawwii misoomaa ji’oota jahan darbanii bara baajataa kanaa ilaalchisee Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa Miidiyaaleef ibsa kenneera. Ibsa kana kan kennan Ministira Ministeera Komunikeeshinii Mootummaa Federaalaa Itiyoophiyaa Innaataalem Mallas yoo ta’an, barri 2018 bara bayyanachuu Itiyoophiyaa ta’uu ibsaniiru. Bara baajataa kana ji’oota jahan darban keessatti bu’aaleen misoomaa dinqisiisoo ta’an kanneen dandamachuu Itiyoophiyaa cimsan galmaa’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaa bara 2030tti mallattoo badhaadhina Afrikaa kan taasisu dameewwan diinagdee hedduu keessatti bu’aaleen misoomaa galmaa’aa jiraachuu ibsaniiru. Eebbifamuun Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa fi jalqabamuu piroojektoota missiraachoo Gubaa Itiyoophiyaan pirojektoota misoomaa gurguddoo jalqabsiisuu fi xumuruuf dandeettii akka qabdu kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru. Ijaarsi Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Bishooftuu, imaltoota miiliyoona 110 keessummeessuu danda’u, Itiyoophiyaan gara fuulduraatti wiirtuu geejjibaa qilleensaa Afrikaa fi addunyaa taasisuu eegaluun ishee barbaachisummaa guddaa ta’uu akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Haaromsi diinagdee biyya keessaa mootummaan Ida’amuu taasises bu’aa guddina Itiyoophiyaa guddisu kan argamsiisu ta’uu ibsaniiru.
Olka'iinsa Itiyoophiyaa mirkaneessuuf ulaan galaanaa murteessaadha -Hoggantoota Paartii Siyaasaa
Jan 11, 2026 163
Amajji 3/2018(ENA)- Olka'iinsa Itiyoophiyaa mirkaneessuuf ulaan galaanaa murteessaa ta’uu hoggantoonni Paartiilee Siyaasaa adda addaa ibsani. Abbummaan ulaa galaanaa karoora tarsiimoo yeroo dheeraa, dantaa dhalootaa, biyyaalessaa fi badhaadhina Itiyoophiyaa mirkaneessuuf kan kaayyeffate ta’uus eeraniiru. Dhimmicha hawaasa idil addunyaa hubachiisuuf hojiin dippiloomaasii hojjetame bu’aa qabatamaa agarsiisaa jiraachuu hoggantoonni paartiilee siyaasaa ENAn dubbise ibsaniiru. Dura taa’aan Paartii Haqaa fi Dimokiraasii Agawu doktar Addisuu Mokonnon adeemsa Itiyoophiyaan shira siyaasaatiin buufata galaanaa ishee dhabde kan nama gaabbisiisu ta’uu ibsani. Ulaan galaanaa lafee dugdaa ta’uu eeruun, Itiyoophiyaan ulaa galaanaa dhabuun ishee dinagdee isheerratti dhiibbaa olaanaa geessisaa jiraachuu dubbatani. Abbummaa ulaa galaanaa mirkaneessuufis dhaloonni hunduu waloon dhaabbachaa jiraachuu ibsaniiru. Itti gaafatamaan hariiroo alaa Paartii Dimokiraatawaa Raayyaa Raayyuu Geetaachoo Kabbadaa akka jedhanitti, ulaa galaanaa argachuun daandii olka’insa Itiyoophiyaa mirkaneessuuf bu’uura ijoo ta’uu ibsaniiru. Dhimmichas dhimma idil addunyaa gochuun hojiin eegalame kan dinqisiifatamu ta’uu eeraniiru. Miseensa Koree Hojii Raawwachiiftuu Biyyaalessaa Paartii Haqaa Hawaasummaa Itiyoophiyaa (EZEMA) kan ta’an Asaffaa Tarrafaa, “Dhimmi buufata galaanaa dhimma hunda keenyaati, waliin hojjenna” jedhan. Dura taa’aan Paartii Tokkummaa Biyyaalessaa Itiyoophiyaa obbo Zarihuun G/Igzi’aabiher akka jedhanitti, ulaa galaanaa Itiyoophiyaa dhabuun madaa onnee lammiilee Itiyoophiyaa akka malee miidhudha jedhan. Itiyoophiyaan buufata galaanaa mataashee karaan itti dhabde al seerummaan kan guutame ta’uu eeruun, yeroo ammaa ajandaa biyyaalessaa ta’ee hunduu gahee isaa bahachuun ajaa’ibsiifamuu qabu waan ta’eef milkaa’ina isaafis hunduu tokkummaan hojjechuu qabna jedhani.
Gaaffiin abbummaa ulaa galaanaa Itiyoophiyaa ajandaa dhalootaati
Jan 11, 2026 124
Amajji 3/2018(ENA) -Gaaffiin abbummaa ulaa galaanaa Itiyoophiyaa ajandaa dhalootaa fi dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuu biyyaalessaa ta’ee itti fufa jechuun hoggantoonni paartilee siyaasaa morkattootaa adda addaa ibsaniiru. Baroota dheeraaf ulaa galaanaa mataashee kan qabdu turte Itiyoophiyaan sababni isaa iftoominaan kan hin beekamneen ulaa galaanaa ishee dhabuun sirrii akka hin taane eeraniiru. Yeroo ammaa kanatti gaaffiin abbummaa ulaa galaanaa uummata biyya miliyoona 120 qabduuf akka seensa daldala al ergiifi galchii gofaaf kan fayyadu osoo hin taanee dhimmi kuni dhimma birmadummaa biyyaalessaa ta’ee abdiidhaan gaafatamaa jira. Dhimma kana irratti ENAn hoggantoota morkattoota paartiilee siyaasaa gaafateen dhimmi kuni dhimma birmadummaa biyyaa ta’uu eeruun, gaaffiin kuni gaaffii dhalootaa ta’uu dubbatani. Haalli Itiyoophiyaan buufata galaanaa dhabde dhimma uummataaf ifa hin taanee fi gaabbii kan namatti uumu ta’uu kan yaadachiisan obbo Damissee Sukkaaree miseensa Koree Giddugaleessaa Paartii Sochii Bilisummaa Sidaamaa dha. Ulaa galaanaa mataashee kan qabdu turte Itiyoophiyaan maal na dhibdeen kan irraa mulqame deeffachuuf gaaffiin gaafatamaa jiru gaaffii sirrii fi fudhatama qabu, deebii barbaadu kan dhalootaa ta’aa dhufuu ibsaniiru. Dhimma biyyaalessaa fi birmadummaa biyyaa irratti dhaloonni faallaa kanaa dhaabbatu akka hin jirre eeruun paartiin isaaniis deeggarsa barbaachisu hunda kennuuf ijjannoo cimaa kan qabu ta’uu eeraniiru. Itti Gaafatamaan Kutaa Dhimmoota dhaabbilee Paartii Dimookiraatawa Hawaasummaa Itiyoophiyaa Ballaxaa Sigeeboo akka jedhanitti, dhimmi buufata galaanaa uummata duratti ka’uu qofa osoo hin taane, hawaasa idil addunyaa birattis dhiyaate kunis milkaa’ina dippilomaasii guddaa ta’uu ibsaniiru.Gaaffiin kuni deebii sirrii hanga argatutti dhaloonni cimee hojjechuu qaba jedhan. Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Sidaamaatti itti Gaafatamaan Damee Ijaarsa Aadaa Dimookiraatawaa Tasfaayee Eermiyaas dhimmi abbummaa ulaa galaanaa dhimma birmadummaabiyyaalessaa waan ta’eef hojiin dippilomaasii cimee itti fufuu akka qabu ibsaniiru. Dhimmi kuni dhimma qananii osoo hin taanee dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuu, akkasumas dhimma birmadummaa biyyaa waan ta’eef deebii argachuun dirqama ta’a jedhani.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Hojiileen Dijitaala Itiyoophiyaa 2025 jalatti hojjetaman biyyattiin gara sadarkaa fooyya’aatti akka ceetuuf bu’uura kaa’eera.
Jan 11, 2026 125
Amajji 3/2018(ENA) - Hojiileen Dijitaala Itiyoophiyaa 2025 jalatti hojjetaman biyyattiin gara sadarkaa fooyya’aatti akka ceetuuf bu’uura kaaheera jedhani hayyoonni damichaa Yunivarsiitii Walqixxee. Tarsiimichi yeroo dhiyootti kan ifoome Dijitaala 2030 hojiirra oolchuuf akka galtee guddatti gargaara jechuun ibsani hayyoonni kunniin. Mootummaan badhaadhina Itiyoophiyaa dhugoomsuu fi ariifachiisuuf hojiin dameelee ammayyeessuu Dijitaala Itiyoophiyaa 2030 eegaluun isaa ni yaadatama. Hayyoonni kunniin ENA waliin turtii taasisaniin akka jedhanitti hojiileen Dijitaala Itiyoophiyaa 2025 jalatti hojjetaman biyyattiin gara sadarkaa fooyya’aatti akka ceetuuf bu’uura kaaheera. Yunivarsiitichatti barsiisaa sooftiweerii injinariingii kan ta’an Balaay Alaamnee akka jedhanitti, teknooloojiin dijitaalaa damee qonnaa, fayyaa, barnootaa fi faayinaansii irratti jijjiirama qabatamaa fi faayidaa olaanaa fideera. Tekinooloojiin kuni haala kenniinsa barnootaa fooyyessuun yeroo fi iddoon osoo nama hin daangessiin oonlaayiniin barachuun danda’ameera jedhani. Teekinooloojiin deeggaramuun, haalli kenniinsa qormaataas kan fooyya’eefi nageenyummaan isaas kan eegame ta’uu ibsaniiru. Yunivarsiitii Walqixxeetti barsiisaa Nageenya Saayibarii Neetworkiingii kan ta’an barsiisaa Wandasan Zinnaa gama isaaniitiin, Dijitaalli Itiyoophiyaa 2025 barattootaaf barnoota qabatamaa nageenya saayibarii irratti kennuu fi beekumsa gahaa kennuuf gumaacha olaanaa taasiseera jedhan. Barnoota qulqullina qabu kennuufis Dijitaalli Itiyoophiyaa 2025 gahee olaanaa bahateera waan ta’eef milkaa’ina Dijitaala Itiyoophiyaa 2030f bu’uura ta’uu akka danda’us ibsaniiru. Akka ibsa barsiisaa kanaatti, tekinooloojiin Dijitaalaa kuni akka biyyaatti maallaqa seera malee sosocho’u to’achuurra darbee hannaa fi gowomsaa hambisuuf ni gargaara. Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 kan hunda hammatee fi dhaqqabamaa taasisuuf, dameelee hundaan hojiileenii fi tajaajiloonni kennaman teeknooloojiidhaan akka kennamanii fi ariifachiifaman hojiileen eegalaman cimanii itti fufuu qabu jedhaniiru.
Odeeffannoon saatalaayitoonni Itiyoophiyaa maddisiisan faaydaa hawaasummaa fi diinagdee olaanaa gumaachaniiru.
Jan 8, 2026 186
Mudde 30/2018(ENA)- Odeeffannoon saatalaayitoonni Itiyoophiyaa maddisiisan faaydaa hawaasummaa fi diinagdee olaanaa gumaachaniiru jechuun ibse Inistiitiyuutiin Saayinsii Hawaa fi Ji'oospaashiyaal Itiyoophiyaa. Inistiitiyuutichi bara dhufu saatalaayitii odeeffannoo lafaa kennu sadaffaa gara hawaatti furguggisuuf qophiin taasifamaa jiraachuu beeksiseera. Itiyoophiyaan saatalaayitii jalqabaashee ‘ET-RSS1’ akkasumas lammaffaa immoo ET-SMART-RSS kannee jedhaman saatalaayitoota odeeffannoo gara hawaatti furguggisuun ishee ni yaadatama.   Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutii Saayinsii Hawaa fi Ji’oospashiyaal Itiyoophiyaa Abdiisaa Yilmaa ENAtti akka himanitti, saatalaayitoonni odeeffannoo lafaa lama kanaan dura gara hawaatti ergaman yeroo tajaajila isaanii xumuraniiru. Saatalaayitoonni odeeffannoo lafaa kuni faayidaa teeknooloojii, saayinsii, hawaasummaa fi dinagdee hedduu akka gumaachan himaniiru. Kanaanis wabii nyaataa mirkaneessuun, eegumsa naannoon, eegumsa bulchiinsa qabeenya uumamaan, damee qonnaan, karoora magaalaa fi misooma bu’uuraalee misoomaan, akkasumas dantaa biyyaalessaa fi ijaarsa ilaalcha gaarii biyyaaf gumaacha guddaa akka buusan ibsaniiru. Yeroo ammaa kana saatalaayitii qulqullina suuraa fi dandeettii yeroo olaanaa qabdu ET-RSS2 jedhamtu Muddee 2019 gara hawaatti furguggisuuf hojjetamaa akka jiru beeksisaniiru.   Saatalaayitiin itti aanu furguggifamtu ET-RSS 2 teeknooloojii ammayyaa kan qabdu yoo ta’u, turtii waggaa shanii hawaa irratti akka qabaattu kan eegamu ta’uu ibsameera. Saatalaayitoota kanaan dura furguggifaman irraa odeeffannoo argaman fudhachuu, xiinxaluu, to’achuu fi dandeettii suphuu uumamuun dada’ameera jedhan. Saatalaayitii sadaffaa furguggisuuf tattaaffiin taasifamaa jirus dandeettii misooma saatalaayitii Itiyoophiyaa kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru.
Kalaqawwan teekinooloojiin dargaggoota rakkoo furan 
Jan 5, 2026 267
Kolleejjii Pooliiteeknikaa Jeneraal Wiingeetiitti Leenjisaa kutaa Maanufaakchariingii kan ta'an Warquu Fantaahuunii fi hiriyaan isaanii teeknooloojii indaastirii horsiisa lukkuu Itiyoophiyaa ammayyeessuu kan dandeessisu kalaqan. Godoo horsiisa lukkuu ammayyaa (keejii) kalaquuf kan isaan kakaase horsiisa lukkuu aadaan kan jiru ture ammayyeessuuf akka ta’e ibsaniiru. Keejiin horsiisa lukkuu ammayyaa bakka xiqqoo irratti lukkuuwwan hedduu horsiisuunii fi lukkuuwwanis qulqullinaa fi fayyummaan isaanii haala eegameen akka qabaman isaan taasisa. Kana malees killeen osoo hin cabiin akka guuramu gargaara jedhaniiru. Gara fuula duraatti teekinooloojii kana beeksisuufi baay’inaan oomishuun gabaaf akka dhiyaatu ni ta’a jedhaniiru.   Qaama miidhamtoota haala salphaan nyaachisuu fi dhangala’oo obaasuu kan dandeessisu dargaggoon roobootii kalaqe Kolleejjii Pooliteeknikaa Jeneraal Wiingeetiitti barataa eebbifamaa sadarkaa afraffaa Teeknooloojii Elektirooniksii Industirii barataa Daagim Gaarxaawu dha. Roobootichi tuttuqqaa namaa malee qaama miidhamtoonni haala salphaan akka itti fayyadamaniif kan kalaqamedha jedheera. Hojiin kuni akka milkaa’uuf kollejjichi wantoota barbaachisan deeggarsa ogummaa fi kanneen biroo dhiyeessaafii turuu himeera. Itti aanaan diinii Tajaajila Misooma Teeknooloojii fi Industirii Kolleejjichaa Damee Marshaa walta’iinsa leenjistootaa fi leenjifamtootaan hojiiwwan kalaqaa bu’a qabeessa ta’an hojjetamaa akka jiran ibsaniiru. Kalaqawwan teeknooloojii kolleejjicha keessatti hojjetamanii fi itti fayyadaman keessaa warshaaleen nyaata beeladootaa, godoo(keejii) lukkuu ammayyaa, maashinii pilaastika daakuu, qindeessuu fi maashiniiwwan pilaastika gara oomisha adda addaatti jijjiiruu danda’an kanneen kollejjicha keessatti kalaqaman ta’uu ibsaniiru. Kalaqawwan teekinooloojiiwwan kanneen hawaasa biraan gahuuf qooda fudhattoota waliin walitti dhiyeenyaan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutii Leenjii Teeknikaa fi Ogummaa Fedaraalaa doktar Biruuk Kadir gama isaaniin dhaabbileen leenjii teeknikaa fi ogummaa kalaqxoota teeknooloojii fi teeknooloojiiwwan rakkoo furan horachuu ciminaan hojjechaa akka jiran ibsaniiru. Itiyoophiyaan Oomishaalee teeknooloojii adda addaa biyya birootii galchitu,kan biyya keessaan bakka buusuuf teknooloojiiwwan rakkoo furan haaraa uumuuf hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru. Itti dabaluunis, kalaqni teeknooloojii damee teeknikaa fi ogummaatiin kalaqaman misooma biyyattiif bu’aa jajjabeessaa fidaa jira jedhan. Inistiitiyuutichi sagantaa gabbisa ogummaa biyyoolessaa hojiirra oolchuun, qaamolee adda addaa waliin ta’uun lammiileen kalaqa teeknooloojii irratti bobba’an akka milkaa’aniif deeggarsa gochaa akka jiru ibsaniiru.
Ispoortii
Piriimar Liigii Ingilizitti Taphni Arsenaalii fi Riivarpuul gaggeessan hawwiin eegama
Jan 8, 2026 189
  Mudde30/2018(ENA)– Piriimar liigii Ingiliz sagantaa torban 21ffaan Arsenaalii fi Liivarpuul taphi har’a gaggeessan hawwiin ni eeggama. Taphni kilaboota lamaanii galgala sa’aatii 5:00 Istaadiyeemii Eemmiretisitti gaggeeffama. Arsenaal Dorgommii bara Kanaan taphoota20 gaggeesseen yeroo15 yoo injifatu 2n injifatamee 3n qixaan adda baheera. Arsenaaltaphichaan galchii40 yoolakkoofsisu galchii14 keessummeessee, qabxii 48n sadarkaa 1ffaa qabateera. Morkataansaa Liivarpuul liigichatti tapha20gaggeesseen yeroo10 yoo injifatu yeroo6 mo’ameera afuriin qabxii dhabeera. Taphichaan galchii 32 yoo lakkoofsisu galchii 28 keessummeesseera. Injifataan ligichaa Liivarpuul qabxii 34n sadarkaa 4ffaa qabateera. Arsenaalii fi Liivarpuul Dorgommiiwwan hundaan hanga ammaatti yeroo245n walitti dhufaniiru. Liivarpuul yeroo 96 mo’uun dursummaasaa yoo qabatu Arsenaal gamasaan yeroo 83 yoo injifatu yeroo 66 qixaan adda baheera. Piriimar liigichatti yeroo 67 walitti dhufanii liivarpuul yeroo 26 yoo injifatu Arsenaal yeroo 18 injifateera. Taphoota hafan 23n Qixaan adda bahaniiru. Taphasaanii waliinii 5n darbaniin lamaan isaanii haala walfakkaatuun yeroo tokko yoo injifatan taphoota hafan 3n qixaan adda bahaniiru. Gareewwan lamaanSagantaa liigichaa bara Kanaan tapha marsaa jalqabaa gaggeessaniin Liivarpuul 1fi 0n injifachuunsaa ni yaadatama. Arsenaal yoo injifate hordofaasaa Maanchistar Siitii waliin garaagarummaa qabxii qabu gara 8 ol guddisa. Taphicha Antoonii Teeyiler Tapha gareewwan lamaanii Hawwiin eegamu Abbaaseerummaan gaggeessu.
Dursaan liigichaa Bunni sidaamaa Hadiyyaa Hosaa’inaa waliin taphata
Jan 4, 2026 219
Mudde26/2018(ENA)–pirimar liigii Itiyoophiyaatti torban 13ffa oolmaasaa guyyaa 2ffaan taphoonni 4 gaggeeffamu . Galgala sa’atii 12:00 Hosaa’inaan Buna Sidaamaa waliin Istaadiyeemii Saayinsii fi Teekinooloojii Yuunvarsiitii Adaamaatti taphasaanii gaggeessu. Hadiyyaa Hosaa’inaa liigichatti taphoota 12 gaggeessee yeroo 4 yoo injifatu haaluma walfakkaatuun yeroo 4 mo’ameera. Taphoota hafan 4n qixaan adda baheera. Garichi qabxii 16n sadarkaa 9ffaa qabateera. Morkataansaa Bunni Sidaamaa gamasaan bara dorgomichaatti taphoota 12 gaggeesse keessaa 7 yoo injifatu ,yeroo tokko qofaa mo’ame . Yeroo 4 qabxii qooddateera. Bunni Sidaamaa qabxii 25n liigicha dursaa jira. Sidaamaan yoo injifate dursummaasaa ni cimsata. Hadiyyaa Hosaa’inaa yoo injifate yeroo 4ffaa injifannoo liigichaa galmeessa. Nagellee Arsii Machaal waliin guyyaa sa’aatii 7:00 Istaadiyeemii Finfinneetti taphatu. Guddaattuu haaraan Nagellee Arsiin Bara dorgomichaatti taphoota 12 gaggeessee 5n yoo injifatu 3n mo’ameera. Taphoota 4n qixa adda baheera. Taphichan qabxii 12 galmeessuun sadarkaa 7ffaa qabateera. Morkataansaa Machaal liigichatti taphoota 12 gaggeesse keessaa 4n yoo injifatu yeroo 2 mo’amera. Taphoota 6 hafaniin qabxii dhabeera. Garichi qabxii 20n sadarakaa 6ffaa qabateera. Nagellee Arsiin injifannoon itti fufuuf, Machaal gara Injifannootti deebi’uuf kan taassisanidha. Magaalaan shaggar Baankii daldala Itiyoophiyaa waliin guyyaa sa’aatii 9:00 Istaadiyeemii Saayinsii Fi Teekinooloojii Yuunvarsiitii Adaamaatti taphatu. Guddattuu Haaraan Magaalaan Shaggar qabxii 12n sadarkaa 17ffaa qabatee sadarkaa gad bu’aa keessatti argama. Baankin daldala Itiyoophiyaa qabxii 15n sadarkaa 11ffaa qabateera. Magaalaan Shaggar taphoota sadiin booda gara injifannootti deebi’uuf Baankii Daldala Itiyoophiyaa waliin injifannoo itti fufaa galmeessuuf taphata. Sagantaa biroon Bunni Itiyoophiyaa Midiregannat Shire waliin guyyaa sa’aatii 10:00 irratti taphatu. Bunni Itiyoophiyaa qabxii 15n sadarkaa 13faa qabateera. Midiregannet Shireen qabxii 14n sadarkaa 14 qabateera. Taphichaan Bunni Itiyoophiyaa inifannoo ittifufaa galmeessuuf , Midiregannat Shireen taphoota ittifufaa 4n booda gara injifannootti deebi’uuf kan taphatanida.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 16457
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 1673
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan.   Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru.   Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru.   Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.  
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015