Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Naannichatti Xiyyeeffannoon Misooma Jallisiif kenname naannoolee Hongeen midhamanii turan gara oomishtummaatti ceesiseera
Jul 10, 2026 572
Adoolessa 3/2018 (ENA):Naannoo Oromiyaatti xiyyeeffannoon misooma jallisiif kenname naannoolee hongeen midhamanii turan gara oomishtummaatti ceesisuu isaa Itti-aanaan Hogganaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Bariisoo Fayyisaa ibsan. Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad yaa'ii idilee 30ffaa bara hojii 5ffaa Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa irratti raawwii hojii mootummaa bara baajataa 2018 ilaalchisee gaaffilee miseensota mana marichaa irraa ka'aniif deebii fi ibsa kennuun isaanii ni yaadatama. Ibsa isaaniitiinis, barana lafa hektaara miiliyoona 29 kilaasteraan jallisii fi teekinooloojiin deeggaramee misoome irraa oomishni kutaalaa biiliyoona 1tuqaa 3 argamuu isaa ibsaniiru. Itti-aanaan Hogganaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Bariisoo Fayyisaa turstii ENA waliin taasisaniin; hojmaata ammayyaa’aa naannichatti diriiraniin, dhiyeessii galteewwanii saffisaa fi ce’umsi teknoolojii damee qonnaa gara boqonnaa haaraatti ceesisuu isaanii ibsaniiru. Qonni waggoottan darbaniitti meeshaalee aadaatiin qofa deeggaramaa ture gara Makaanaayizeeshiniitti ce'aa jiraachuunsaa tarkaanfii tarsiimowaa guddaa kan fide ta'uu eeraniiru. Babal'achuun Makanaayizeeshinii qonnaan bulaan fayyadama guyyaa irra darbee oomisha gabaaf ta'u bal'inaan akka oomishuufi gara fayyadamummaa dinagdee olaanaatti akka ce'uuf balbala saaquusaa ibsaniiru. Naannichatti misooma Qamadii bal'inaan kilaasteraan hojiirra oole jallisii bonaa, arfaasaa fi qonna gannaan hojiiwwan misooma qindaa'aa raawwatamaniin; lafa hektaara miiliyoona 6 tuqaa 8 ol misoomsuun akka danda'ame ibsuun, kanaanis oomisha kutaalaa miiliyoona 300 ol oomishuun akka danda'ame eeraniiru. Bu'aan kun qonni naannichaa kallattii haaraa ittiin hogganamaa jiru bu'a qabeessaa fi abdi-qabeessa ta'uu isaatiif agarsiiftuu guddaadha jedhaniiru. Naannoolee gammoojjii kanaan dura hongeen beekaman gara oomishtummaa itti fufiinsa qabutti jijjiiruuf hojiiwwan raawwatamaniin milkaa'ina guddaa damee kanaa ta'uu isaas dabalanii ibsaniiru. Keessattuu Godina Booranaatti pirojektoonni akka hidha Jallisii Finnaa fi kanneen biroo hojiitti galan fayyadamummaa hawaasummaa fi dinagdee hawaasichaa qabatamaan mirkaneessaniiru jedhan. Pirojektoonni jallisii kunniin hawaasni horsiisee bulaa barootaaf bishaanii fi marga barbaacha sochii bakkaa bakkatti taasisaa ture fi aadaa haala jireenyasaa hundee irraa jijjiiruu isaanii eeraniiru. Hojiiwwan tarsiimo’aan kunniin ilaalcha naannichaaf ture jijjiiruudhaan, har'a naannoolee gammoojjii wiirtuu misooma qamadii bal'aa fi jallisii akka ta'an taasiseera. Sagantaan maaddii guutuu Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin hojiirra oole naannichatti godinalee, aanaalee fi gandoota hundatti bal'inaan haala qindaa'een hojiirra oolaa jiraachuusaa beeksisaniiru. Sagantichi wabii nyaataa mirkaneessuu bira darbee damee sirna nyaataa fi dinagdee keessatti jijjiirama qabatamaa fidaa jiraachuu eeraniiru.
Magaalaa Shaggaritti hojiirra oolmaan tajaajila wiirtuu tokkoo ifaajii fi yeroo nuuf qusateera- Fayyadamtoota
Jul 10, 2026 476
Adoolessa 3/2018(ENA): Magaalaa Shaggaritti hojiirra oolmaan tajaajila wiirtuu tokkoo ifaajii fi yeroo nuuf qusateera jedhan fayyadamtoonni tajaajila wiirtuu tokkoo magaalichaa ENA’f yaada kennan. Tajaajilamtoota keessaa obbo Masaayi Tashoomaa yaada kennaniin, kanaan dura dhimma tokko xumurachuuf iddoo adda addaa deddeebi'uudhaan yeroo baay'ee qisaasessaa akka turan dubbatu. Garuu yeroo ammaa dhimmi isaanii yeroo gabaabaa keessatti xumuramaafii jiraachuu ibsaniiru.   Obbo Jamaal Muhammadis gama isaaniitiin, tajaajila iddoo tokkoo kanaan dhamaatii fi deddeebi’insa malee yeroo gabaabaa keessatti tajaajila barbaachisaa ta'e argachaa jiraachuu isaanii ibsaniiru. Kunis qisaasama yeroo fi maallaqaa isaaniif qusachaa jiraachuu himaniiru. Magaalaa Shaggaritti tajaajila wiirtuu iddoo tokkoo ammayyeessuun itti quufiinsa hawaasaa daraan kan dabale ta'uun kan ibsani immoo Hojii-gaggeessaa Wiirtuu Kenna Tajaajila Iddoo Tokkoo Magaalichaa Obbo Mokonnon Ambee dha.   Kaayyoon tajaajilichaas deddeebiifi dhamaatii maamilootaa hir’isuufi bakka hojii mijataafi qaqqabamaa ta'e uumuun, hawaasni tajaajila saffisaafi qulqullina qabu akka argatu taasisuu irratti kan xiyyeeffatedha jedhan. Keessattuu kenniinsa tajaajilaa tekinoolojiin deeggaruun baasii xiqqeessuu; maamilootaaf haala mijeessuu fi itti quufiinsa maamiltoota daraan dabaluun, amantaa hawaasni mootummaa irratti qabu sadarkaa olaanaarra geessisuudha jedhan. Qaqqabamummaa tajaajilichaa saffisiisuuf karaalee gurguddoo sadiin tajaajilli kennamaa kan jiru ta'uus eeraniiru. Abbootii dhimmaa gara wiirtichaa dhufuudhaan tajaajilaman malees, namoota humna hin qabneefi sababa adda addaatiin gara wiirtuu dhufuu hin dandeenyeef konkolaataa ammayyaa socho'aadhaan tajaajila kennuufi karaa intarneetii mana manasaaniitti tajaajilichi qaqqabaa jiraachuu eeraniiru. Hojiiwwan kanas caalaatti milkeessuudhaaf wiirtulee tajaajilaa babal'isuu irratti xiyyeeffatamee, bara kana keessa giddugalawwan sadii ijaaramuun tajaajilaaf banaa taasifamaniiru jedhan. #Ena Afaan Oromoo #TOI
Naannoo Oromiyaa godina Shawaa bahaatti oomishtummaa qonnaa guddisuudhaan oomishooota biyya alaatti ergaman oomishuurratti xiyyeeffatameera
Jul 10, 2026 271
Adoolessa 3/2018(ENA)- Naannoo Oromiyaa godina Shawaa bahaatti oomishtummaa qonnaa guddisuudhaan oomishooota wabii nyaataa mirkaneessuu dandeessisanii fi biyya alaatti ergaman oomishuurratti xiyyeeffatamuusaa waajjirri qonnaa godinichaa ibse. Itti aanaan itti gaafatamaa waajjira qonnaa godinichaa Abinnat Zagayyee ENA’f akka ibsanitti, bara oomishaa 2018/19 midhaan dheedhii fi biilaa gabaa alaaf ergaman oomishuuf xiyyeeffatamee hojjetamaa jira. Omishtummaa qonnaa guddisuuf deeggarsi dhiheessii galtee, teeknooloojii qonnaa akkasumas ogeessaaf taasifamu cimee itti fufuusaa ibsaniiru. Kun ammoo oomistummaa qonnaa godinichaa guddisuudhaan wabii nyaataa mirkaneessuurra darbee oomishoota biyya alaatti ergaman bal’inaan oomishuuf deeggaraa akka jiru dubbataniiru. Omishoota biyya alaatti ergaman keessasaa Boloqqee fi Shumburaa kilaastaraan misoomsuudhaan fayyadama qonnaan bulaa guddisuuf xiyyeeffannoon addaa kennamuusaa eeraniiru. Bara bajataa darbe boloqqeen kuntaala miiliyoona 1 tuqaa 8 argamuusaa eeranii, oomisha argame keessaa kuntaalli miiliyoona 1 tuqaa 3 gabaa alaaf dhihaachuusaa eeraniiru. Ganna baranaa hojicha caalaatti cimsuudhaan, lafa heektaara kuma 80 caalu kilaastaraan Boloqqee misoomsuudhaan oomisha kuntaala miiliyoona 2 caalu walitti qabuuf karoorfamuusaa beeksisaniiru. Shumburaa fi oomishoota dheedhii biro lafa heektaara kuma 12 irratti misoomsuudhaan industirii fi gabaa alaaf dhiheessuuf hojjetamaa jira jedhaniiru. Dabalataanis sadarkaa yaaliitti misooma Jirbii hojiirra oolchuuf, akkasumas galii qonnaan bulaa fi horsiisee bulaa guddisuuf xiyyeeffatamuu ibsaniiru.
Sagantaan qaqqabinsaa fi walitti hidhaminsaa Baadiyyaa Wabii Nyaataatiif Tiraansfoormeeshinii Baadiyyaa saffisiisaa jira – Ministira Caaltuu Saanii
Jul 10, 2026 346
Adoolessa 3/2018(ENA): Sagantaan walitti hidhaminsaa fi dhaqqabamummaa baadiyyaa wabii nyaataatiif tiraanisfoormeeshinii baadiyyaa saffisiisaa akka jiru Ministirri Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa Caaltuu Saanii ibsan. Ministeera Magaalaa fi bu’uura misoomaatti sagantaan qaqqabinsaa fi walitti hidhaminsa baadiyaa wabii nyaataa koree Istiriingii Federaalaa yaa’ii waggaa Magaalaa Bishooftuutti gaggeeffamaa jira. Walitti qabduun korichaa fi Ministirri Magaalaa fi Bu’uuraa Misoomaa Caaltuu Saanii walga’iicharratti akka ibsanitti; sagantichi baadiyyaatti bu’uuraalee misooma babal’isuun, guddina dinagdee saffisiisuu fi tiraanisfoormeeshinii baadiyyaa mirkaneessuun gumaacha guddaan taasifamaa jira.   Keessattuu, kanaan dura naannolee daandiin hin jirretti dhaqqabamummaa bu'uuraalee misoomaa mirkaneessuun akka danda'amees ibsaniiru. Kunis, hawaasni kallattiin fayyadamaa misoomichaa akka ta’uu fi oomisha isaa salphaatti gara gabaatti akka dhiyeessu dandeessisaa jiraachuu beeksisaniiru. Itti dabaluunis, ijaarsi bu’uuraalee misoomaa akkanaa oomishaa fi oomishtummaa guddisuu keessatti shoorri inni taphatu ol’aanaa waan ta’eef , galma biyyaalessaa wabii nyaataan of danda’uu mirkaneessuuf hedduu gargaara jedhaniiru. Naannolee hundaa fi Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaatti hojiirra oolaa kan jiru pirojektiin kun, misoomni hirmaachisaan akka babal'atu gumaacha mataa isaa taasisaa akka jiru eeraniiru. Yaa’iin Bishooftutti gaggeeffamaa jirus, milkaa'ina hanga ammatti galmeeffame caalaatti cimsuun itti fufsiisuu fi hanqinoota adeemsa keessatti mul'atan sirreessuu irratti xiyyeeffatee akka mari'atu beeksisaniiru. Walga’icharratti raawwii karoora bara baajataa 2018 fi karoora bara baajataa 2019 irratti marii bal’aan taasifamee kallattiin ni kaa’ama jedhamee eegama.
Bara bajatichaatti damee daldalaa teeknooloojiin deeggaruun hojiileen bu’a qabeessi raawwatamaniiru
Jul 10, 2026 427
Adoolessa 3/2018 (ENA)- Bara bajatichaatti damee daldalaa ammayyeessuunii fi teeknooloojiin deeggaruun hojiileen bu’a qabeessi raawwatamuusaanii ministirri daldalaa fi walitti hidhamiinsa riijinii Dr. Kaasahuun Goofee ibsan. Ministeerichi mata duree “tajaajilli dijitaalaa qindaa’aan tajaajila daldalaa ammayyaaf” jedhuun yaa’iisaa kan sektaraa Hawaasaatti gaggeessaa jira. Ministirri Dr. Kaasahun Goofee waltajjicharratti ergaa dabarsaniin akka jedhanitti bara bajatichaa dame daldalaa ammayyeessuun gamatti tajaajila dijitaalaa cimsuudhaan hojiileen bu’a qabeessi raawwatamaniiru. Keessumaa tajaajiloonni yeroo fi humna tajaajilamtootaa qusatan qaqqabamaa gochuuf tattaaffiiwwan godhaman milkaa’uusaanii eeranii, eyyamni daldalaa fi tajaajiloonni wal fakkaatoon miiliyoona 3 tuqaa 4 caalan karaa onlaayinii raawwachuudhaan itti quufinsa tajaajilamtootaa dhibbantaa 96 irraan gahuun danda’ameera jedhaniiru. Eyyama daldalaa fi to’annaa gabaa cimsuudhaan hojiiwwan fayyadama hawaasaa mirkaneessuu dandeessisan raawwatamuusaanii himaniiru. Bara bajatichaa gabaa n Sanbataa fi Dilbataa dabalataa 805 banamuusaanii ibsanii, oomishaaleen gatii madaalawaan hawaasaaf kallattiin raabsamuusaanii gabaan tasgabbaa’aa dhufuusaa kaasaniiru. Omishaalee garagaraa bara bajatichaa biyya alaatti ergaman irraa galiin doolaarri biiliyoona 11 ol argamuusaa dubbataniiru. Imaammanni mootummaan hordofe milkaa’ina damichaaf gumaacha guddaa argamsiisaa akka jiru eeranii, keessumaa kallattiin dinagdee damee hedduu bu’ura dinagdee bal’isuudhaan bu’aa qabatamaa argamsiisaa akka jiru dubbataniiru. Beellada biyya alaatti erguuf xiyyeeffannoo kennameen wiirtuuwwan gurgurtaa beelladaa 10 caalu ijaaramuusaanii eeraniiru. De’eetaawwan ministiraa ministeerichaa, hooggantoonni biiroo damichaa kan naannolee hundaa fi qooda fudhattoonni yaa’ii sektarichaarratti hirmaachaa jiru.
Kan mul'ate

Mariin Biyyaalessaa ijaarsa sabaa cimaa fi tokkummaa waaraaf bu’uura kaa’aa jira
Jul 10, 2026 682
Adoolessa 3/2018 (ENA): Mariin biyyaalessaa kun ijaarsa biyyaa cimaa fi tokkummaa waaraaf bu’uura kaa’aa akka jiru pirezidaantonnii fi hoggantoonni dhaabbilee barnoota olaanoo ibsaniiru. Komishiniin marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa hundeeffamee waggoota darbaniif ajandaa walitti qabuu fi hirmaattota adda baasuu irratti hojii bal’aa hojjechaa tureera. Komishinichi konfiraansii biyyaalessaa guddicha Adoolessa 8, 2018 irraa eegalee gaggeeffamuuf ajandaawwan gurguddoo saddeet ifoomseera. Ijaarsa biyyaa, gurmaa’ina mootummaa fi caasaa, sirna siyaasaa, bakka bu’ummaa siyaasaa fi sirna filannoo, dhimmi magaalota federaalaa Finfinnee fi Dirree Dhawaa fi dhimmoonni amantaa ajandaalee keessaa kanneen eeramanidha. Ijaarsa dhaabbilee, olaantummaa seeraa fi mirga namoomaa, dhimma hawaasummaa, diinagdee, fi qonnaan bultootaa fi horsiisee bultootaa, malaammaltummaa fi bulchiinsa gaarii, akkasumas dhimmoonni ijaarsa nageenyaa konfiraansii guddicha irratti mariidhaaf ajandaa ta’aniiru. Itti aanaan Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutii Leenjii Tuurizimii Federaalaa Yittaassab Siyyum Itiyoophiyaan biyya ijaarsa mootummaa bara dheeraa qabdu ta’uu hubachiisaniiru. Haa ta’u malee, adeemsa seenaa keessatti wal faallessuun siyaasaa, hawaasummaa, diinagdee mudate sababa walitti bu’iinsaa fi waliigaltee dhabuu adda addaa ta’eera jedhan. Walitti dhufeenya waliinii cimaa fi duudhaalee aadaa guddatan fayyadamuun rakkoon kamiyyuu minjaala irratti mari’achuun furmaata argachuu akka danda’u ibsaniiru. Adeemsi marii kanaaf eegalame waliigaltee biyyaalessaa fi nageenyi waaraa mirkaneessuuf gumaacha guddaa akka qabus hubachiisaniiru. Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Samaraa Dr. Mahaammad Usmaan Itiyoophiyaa keessatti rakkoon jaarraa hedduuf deemaa turee fi marii barbaadu hedduun akka jiran hubachiisaniiru. Tokkummaa fi birmadummaa biyyattiif dandeettiin garaagarummaa jiru waliigalteedhaan furuu danda’uun iddoo guddaa qaba jedhaniiru. Adeemsi marii biyyaalessaa kun itti fufiinsa adeemsa ijaarsa biyyaa fi ce’umsa dhalootaa fayya qabeessa ta’eef murteessaa ta’uus dubbataniiru. Kanaaf, mariin amma taasifamaa jiru ce’umsa dhalootaa milkaa’aa ta’eef akkasumas aadaa marii fi nageenya dhaloota egeree dagaagsuuf gumaacha kan taasisu ta’uu ibsaniiru. Mariin biyyoolessaa kun tokkummaa biyyaa fi ijaarsa biyyaa cimaaf bu’uura kaa’aa akka jiru Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Dabaarqi Doktar Asmamaawu Zagayyee himaniiru. Mariin kun rakkoo yeroo ammaa furuu qofa osoo hin taane biyya tasgabbaa'aa fi badhaate dhaloota dhufuuf dabarsee kennuuf kan gargaaru ta'uu ibsaniiru. Adeemsa marii kanarratti dhaabbileen barnootaa dammaqinaan hirmaachaa turuu isaanii ibsuun, kun cimee itti fufuu qaba jedhan. #Ena Afaan Oromoo #TOI

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa

Gareen Hidhataa TPLF daa'immaniifi dargaggoota humnaan butuunsaa, fudhatama dhabuu garichaa agarsiisa- Ogeeyyii Miidiyaa
Jul 8, 2026 1900
‎Adooleessa 1/2018(ENA): ‎Gochoonni ukkaamsuu fi humnaan daa'immanii fi dargaggoota butuu garee seeraan alaa TPLF’n raawwatamaa jiru murnichi guutummaan guutuutti fudhatama dhabuu isaa agarsiisa jechuun Rogeeyyii fi Ogeeyyiin miidiyaa ibsan. ‎ ‎Naannoo Tigraay keessatti faayidaa dhuunfaa isaanii milkeessuuf uummata irratti gochoonni ukkaamsuu fi humnaan butuu bal'inaan itti fufaniiru jedhan Rogeeyyiin kunneen. ‎ ‎Gochoonni kunneen uummata biratti mormii cimaa akka kaasan eeruun, hawaasni naannichaas gareewwan kanneeniif deeggarsa duraan kennaa ture guutummaatti dhaabuusaa ibsaniiru. ‎ ‎Gaazexeessaan Awuraambaa Taayims Daawwit Kabbadaa, qaamoleen gocha kana raawwataa jiran daldala warqee fi albuudaa waliin walqabatee faayidaa dhuunfaa hedduu akka qaban dubbateera. ‎ ‎Faayidaa isaanii eegsisuuf jecha buqqaatota deebisuuf hojjechaa jirra jedhanii akka haguuggiitti fayyadamaa jiru jedheera. ‎ ‎"Isaan yaroo tokkoof waa'ee uummataa yaadu jedhee hin amanu" kan jedhe Daawwit Kabbadaan, sochiin yeroo ammaa taasisaa jiran hawaasa biratti fudhatama dhabuu ibseera. ‎ ‎Sababa kanaanis dargaggoota humnaan butuun gara leenjii waraanaatti galchuu jalqabuu isaanii eeruun, konkolaattota geejjibaa uummataa illee dhaabsisuun dargaggoota ittiin deemsisaa jiraachuu ibseera. ‎ ‎Gaazexeessituun Heermoon Fiqaaduu gamasheetiin, hoggantoota TPLF fi humnoota gocha badii kana raawwataa jiran cimsitee balaaleffatteetti. ‎ ‎Bara ammaa keessatti fedhii isaaniifi pirooppaagaandaa sobaa milkeessuuf jecha, gochoota ukkaamsuu fi humnaan dargaggoota butuun fudhatama kan hin qabneefi baay'ee gaddisiisaa ta'uu ibsiteetti. ‎ ‎Itti gaafatamaa Hariiroo Hawaasaa Paartii Tinsa'ee kan ta’an Indartaa Abrahaam Tsiggee, gareen kun dogoggora yeroo darbe irraa barachuu dadhabuu isaa ibsaniiru. ‎ ‎Uummanni "kan darbe nu gaheera, dogoggora keessa deebinee hin seennu" jechuun garichaaf fudhatama guutummaatti dhaabuu isaa agarsiiseera jadhaniru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena
Jilli Konfiraansii Marii Biyyaalessaa irratti hirmaatu Finfinnee gala jalqabe
Jul 8, 2026 1036
Adoolessa 1/2018 (ENA): Konfiraansii Marii Biyyaalessaa Adoolessa 8 irraa eegalee gaggeeffamuuf bakka bu’oonni Finfinnee seenuu jalqabaniiru. Adeemsi Yaa’ii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaan waggoota darbaniif geggeessaa turte amma marsaa xumuraa fi murteessaa irra ga’eera. Yaa’ii Marii Biyyaalessaa kanarratti ajandaaleen gurguddoon saddeet mariidhaaf kan adda baafaman yoo ta’u, bakka bu’oonni 4,000 ta’an golee biyyattii hundarraa gara Finfinnee galuun kanneen irratti bal’inaan mari’achuun furmaata waaraa kaa’uuf qophiitti jiru. Komishinii marii biyyaalessaatti Qindeessaan Naannoo, Bulchiinsa Magaalaa fi Diyaaspooraa Rattaa Geeraa ibsa miidiyaaleef kennaniin akka jedhanitti, miseensonni hawaasa diyaaspooraa naannoolee fi kutaalee addunyaa adda addaa irraa gara konfiraansii marii guddichaaf gara magaalaa Finfinnee seenaa jiru. Hirmaattota kana Yuunivarsiitii Pabliik Sarvisii Itiyoophiyaa fi iddoowwan mijatoo birootti akka keessummeessuu komishinichi beeksiseera. Konfiraansiin seena qabeessa kun Adoolessa 8, 2018 irraa eegalee Giddugala Walgahii Addis Konveenshinii keessatti ni gaggeeffama. Hirmaattonni ENA waliin turtii taasisan waltajjii seena qabeessa kana irratti mari’achuun waldhabdee yeroo dheeraaf ture haala qaroominaan hiikuuf carraa argachuu isaaniitti gammaduu isaanii ibsaniiru. Mariin seena qabeessa kun biyya badhaatuu fi tasgabbii qabdu ijaaruuf bu’uura cimaa akka ta’es hubachiisaniiru. Yeroo murteessaa kanatti mari’achuu, walii galuu fi walitti dhufnee biyya cimtuu dhaloota dhufuuf dabarsuuf abdii guddaa qabna jedhan. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena
Filannoon Waliigalaa 7ffaan Guddinaa fi kutannoo uummata Itiyoophiyaa kan agarsiisedha – Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad
Jul 7, 2026 2048
Waxabajjii 30 /2018 (ENA): Filannoon waliigalaa torbaffaan uummanni Itiyoophiyaa guddinaa fi dandeettii qorumsa danda'uuf qabu kan agarsiisedha jedhan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad gaaffilee miseensota Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa biraa ka'aniif deebii fi ibsa kennaa jiru. Ibsa kennaniinis, filannoon waliigalaa 7ffaan qaama siyaasaa barachuuf fedha qabu kamiyyuuf barumsa guddaa kan kenne, uummanni Itiyoophiyaa immoo ogummaa fi qabeenya kuufamaa jaarraa dheeraa kan qabu ta'uu isaa kan mirkaneessedha jedhaniiru. Ministirri Muummee filannichi kanneen kanaan dura gaggeeffaman mara irraa adda kan isa taasisan keessaa gurguddoo ibsuun; mormitoonni ‘hin galmaa’iinaa, hin deeggarinaa fi hin filatinaa" jedhanii doorsisaa fi dhorkaa itti fe'an osoo hin sodaatin, uummanni gurmaayee bahuun hamma halkanitti kan filatee fi gootummaan guddaan kan keessatti argame ta'u ibsaniiru. Qaamoleen filannoon kun akka hin milkoofne barbaadan, filannicharratti xiyyeeffatee socho'aa akka turan yaadachiisaniiru. Humnoonni Baandotaa fi ergamtoota bobbaasan hundi filannoo waan hin jaallanneef, adeemsichi akka hin gaggeeffamneef waan danda'an mara gochuu isaanii ibsuun; ta'us hin milkoofneef jedhaniiru. Uummanni Itiyoophiyaa rakkina ce'uu fi dhimmoota ogummaan dabarsuu beeku, qorumsa kana hundumaa ce'ee filachuu fi injifachuu isaatiif kabajni guddaan isaaf mala jedhaniiru. Itiyoophiyaanonni sagalee tokkoon finxaalessummaa, gandummaa fi qomoon wal-qooduu hin barbaannu; biyya waliinii misoomsuu fi badhaadhomsuudha kan barbaannu dhaamsa jedhu filannichaan waliin calaqqisiisuu isaanii Ministirri Muummee ibsaniiru. Yeroo filannichaa ijoolleen isaanii biyya fi mootummaa jabaataa fi nagaa qabu argachuu qabu ejjennoo jedhu kan qabatan Itiyoophiyaanonni miiliyoonaan lakkaa'aman, keessumattuu maanguddoonni, dhukkubsattoonni fi haadholiin, osoo rasaasni itti dhuka'uu kanaan osoo hin na’iin gara buufata filannoo deemuun sagalee isaanii kennuu isaanii yaadachiisaniiru. Kutannoon lammiilee kun namoota filatamanii fi mootummaaf imaanaa guddaa kan kenne ta'uus ibsaniiru. Uummanni jalqabbii keessan jaallanneerra; hattoota isin keessa jiran qulqulleessitanii, tajaajila fooyyessitanii, Itiyoophiyaa jabduu fi badhaate ijoollee keessaniif dabarsuu dandeessu carraa jedhu waan nuuf kenneef, uummata keenya sirriitti tajaajiluu itti-gaafatamummaa guddaa qabna jedhaniiru. Seenaa filannoo Itiyoophiyaa fi Afrikaa keessatti, akkasumas qaamolee "filannoon nuun ala hin jiru" jedhanii, Paartiin Badhaadhinaa falmii fi mormii guddaa gaggeessuun murtoo guddaa dabarsuu isaa ifa taasisaniiru. Haaluma kanaan, paartichi filannichaan teessuma parlaamaa dhibbantaa 85 irratti qofa dorgomuun, teessoo hafe dhibbenta 15 immoo paartilee dorgomtootaaf qofatti akka irratti dorgomaniif carraa kennuu isaa dubbataniiru. Filannicharratti sagaleen hedduun akka hirmaatu fedhiin akka turee fi kanaanis paartileen siyaasaa dorgomtoota ta'an hedduun hirmaachuu isaanii ibsuun; waliigala filannichi nagaa, diimokiraatawaa fi Eeyyama uummataa kan argate ta'uun milkiidhaan xumurameera jedhaniiru.
Gareen ABUT duraanii dargaggoota Tigraay waraana Sudaan keessatti gaggeeffamaa jirutti gurguraa jira
Jul 7, 2026 1652
Waxabajjii 30/2018 (ENA): Gareen seeraan alaa ABUT dargaggoota Tigraay waraana Sudaan keessatti gaggeeffamaa jirutti gurguraa jiraachuu ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad himan. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad gaaffilee miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa raawwii hojii mootummaa bara baajataa 2018, yaa’ii idilee 30ffaa bara hojii waggaa 5ffaa ilaalchisee kaasaniif deebii kennaa jiru. Naannoo Tigraay ilaalchisee ibsa kennaniin MM Dr. Abiyyi Ahimad akka dubbatanitti, Waliigaltee Nageenyaa Piriitooriyaa dhimma salphaa osoo hin taane tarkaanfii guddaa nagaa waaraa ijaaruuf fudhatamedha jedhani. Carraan kun kan argame naannoo Tigraay keessatti bulchiinsi yeroo hundeeffamee, bu’uuraaleen misoomaa jeequmsaa fi miidhaman deebisuuf ta’uu ibsaniiru. Piritooriyaan akka mariitti ilaalamuu hin qaba kan jedhan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi, mootummaan nageenya buusuuf gatii guddaa akka kaffale ibsaniiru. Haa ta'u malee, warri naannicha keessatti nageenya hin barbaanne ammas jireenya nagaa ummata Tigraay booressaa akka jiran dubbataniiru. Humnoonni nageenya diiguu kunneen maatii ofii Finfinnee, biyya alaa nagaa fi tasgabbiin eegaa kan jiran yoo ta’u, lubbuu namoota qulqulluu naannichaa irratti hookkara geessisaa akka jiran himaniiru. Keessattuu yeroo ammaa kana dargaggoonni Tigraay hedduun garee wayyaanee seeraan ala Sudaan keessatti butamanii waraanaaf gurguramaa akka jiran ibsaniiru. Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad tarkaanfiin kun hatattamaan dhaabbachuu qaba kan jedhan yoo ta’u, harki mootummaan nagaaf diriirfame jabaa ta’uu mirkaneessaniiru. Kana malees, hidhattoonni kuma 60 gadi hin taane kaffaltii (DDR) erga argataniin booda raayyaa ittisa biyyaa irraa gad lakkifamuu, hidhamtoonni fi booji’amtoonni hedduun akka gadi lakkifaman ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena
Waliigalteen Nageenyaa Piriitooriyaa nageenya waaraaf gatii guddaa kaffalamedha - Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Jul 7, 2026 1377
Waxabajjii 30/2018 (ENA): Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Waliigaltee Nageenyaa Piriitooriyaa gatii guddaa nageenyaaf waaraaf kaffalame ta’uu ibsan. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad gaaffilee miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa raawwii hojii mootummaa bara bajataa 2018 ilaalchisee kaasaniif deebii fi ibsa kennaa kennaa jiru. Kanuma waliin Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsa isaanii keessatti Waliigaltee Nageenyaa Piriitooriyaa ilaachisuun ibsa kennaniin, waliigalteen nageenyaa kun nagaa waaraa fiduu fi walitti bu’iinsa Itiyoophiyaa keessatti dhaabbachuuf gatii guddaa kaffalamedha jedhani. Naannoo Tigraayitti mootummaan yeroo hundeeffamu eeruun, Hidhattoota deebisanii dhaabuu hidhattoota duraanii kuma 60 ol leenjisuu fi deebisanii dhaabuun akka raawwatame ibsaniiru. Bu’uuraalee misoomaa fi dhaabbilee hawaasummaa naannicha keessa jiran deebisanii ijaaruun ummanni fayyadamoo akka ta’uuf tattaaffiin taasifamaa jira jedhan. Naannichatti ammas tattaaffiin nageenya booressuu akka jiru eeruun, ummanni Tigraay karaa nagaa bahee fi bahuu akka hin dandeenyee fi rakkoon kun hammaataa dhufuu dubbatani. Warri jeequmsa kakaasan ijoollee isaanii biyya alaa fi Finfinnee keessa kaa’anii, dargaggoota Tigraay hedduu waraana Sudaan keessatti hirmaachisuun fi kasaaraa guddaa irraan geessisaa akka jiran hubachiisaniiru. Ministirri Muummee ibsa kennaniin, waraana kakaasuuf irra deddeebiin tattaaffiin godhamus, mootummaan obsaan irra darbaa jira jedhan. Madda nageenya booressan mootummaan akka gaariitti akka beeku ibsaniiru, rakkoo kana madda irraa maqsuuf tarkaanfii barbaachisu akka fudhatu himaniiru. Mootummaan birmadummaa Itiyoophiyaa fi nageenya waaraa hundeessuuf dandeettii amanamaa akka qabus ibsaniiru. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad humnoonni nageenyaa fi seera kabachiisan biyyattii yeroo kamuu caalaa dandeettii lakkoofsa, qulqullinaa fi teeknooloojiin qaban ijaaruun haala kamiinuu ejjennoo nageenya qabu keessa akka jiraatan mirkaneessaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena
Mariin Biyyaalessaa rakkoolee jaarraa hedduuf kuufamaa turan furuun waliigaltee hawaasummaa waloo haaraa bocuufi - Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Jul 7, 2026 1366
Waxabajjii 30/2018 (ENA): Mariin Biyyaalessaa rakkoolee jaarraa hedduuf kuufamaa turan hiikuu fi waliigaltee hawaasummaa waloo haaraa bocuuf akka ta’e Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsaniiru. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad gaaffilee miseensonni mana maree bakka bu'oota ummataa ka'aniif deebii kennaa jiru. Ibsa isaanii keessatti Ministirri Muummee akka jedhanitti, Mariin Biyyaalessaa rakkoolee jaarraa hedduuf kuufaman furuu fi waliigaltee hawaasummaa waloo haaraa bocuudha. Carraan marii amma argame hedduun, akka salphaatti ilaalamuu akka hin qabnee fi sirnaan itti fayyadamuu akka qabu hubachiisaniiru. Carraan tokko yeroo dhufutti sirriitti itti fayadamuun barbaachisaadha kan jedhan mimistirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad, erga darbee gaabbuu, akkasumas osoo lubbuun jirruu osoo hin beekiin yeroo lubbuun darbu faarsuun amala badaa jijjiiramuu qabu dha jedhani. Mariin biyyaalessaa kun ariitiin gaggeeffamaa akka hin jirree fi manni marichaaf yeroon dabalataa kennameefii of eeggannoodhaan qajeelfamni taasifamaa akka jiru ibsaniiru. Mariin kun hirmaannaa qindaa’ee fi ajandaa hawaasa hundarraa madda waan ta’eef, adeemsa gatii guddaa qabuu fi Itiyoophiyaa qofaaf osoo hin taane guutuu Afrikaaf fakkeenya ta’ee tajaajiluu danda’u ta’uu ibsaniiru. Akkasumas kaayyoon marii kanaa inni guddaan rakkoolee waggoota darban keessatti kuufaman irratti waliin mari’achuu akka ta’e, akkasumas bakka waliigalteen hawaasummaa haaraan hojiirra ooluu danda’u ta’uu hubachiisaniiru. Rakkooleen marii kanaan furaman kan duraan turan malee kan haaraa uumaman miti; rakkoon jiru taateewwan seena qabeessa mootummaa ammaa kana mudataniidha jedhani. Kanaaf miseensonni paartilee wal morkatanii fi namoonni siyaasaa biyya alaa jiraatan karaa fi ilaalcha jallate keessaa bahanii rakkoolee jiran waliin hiikuuf gahee isaanii akka bahatan waamicha dhiyeessaniiru. Komishiniin marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa yaada ummataa qindeessee mootummaaf akka dhiyeessu akeekuun, mootummaan yaadota dhiyaatan irraa barachuun dhimmoota fooyya’uu qaban waliin raggaasisuun waliigaltee biyyaalessaa akka uumu mirkaneessaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena

Hawaasummaa
Magaalaa Shaggaritti hojiirra oolmaan tajaajila wiirtuu tokkoo ifaajii fi yeroo nuuf qusateera- Fayyadamtoota
Jul 10, 2026 476
Adoolessa 3/2018(ENA): Magaalaa Shaggaritti hojiirra oolmaan tajaajila wiirtuu tokkoo ifaajii fi yeroo nuuf qusateera jedhan fayyadamtoonni tajaajila wiirtuu tokkoo magaalichaa ENA’f yaada kennan. Tajaajilamtoota keessaa obbo Masaayi Tashoomaa yaada kennaniin, kanaan dura dhimma tokko xumurachuuf iddoo adda addaa deddeebi'uudhaan yeroo baay'ee qisaasessaa akka turan dubbatu. Garuu yeroo ammaa dhimmi isaanii yeroo gabaabaa keessatti xumuramaafii jiraachuu ibsaniiru.   Obbo Jamaal Muhammadis gama isaaniitiin, tajaajila iddoo tokkoo kanaan dhamaatii fi deddeebi’insa malee yeroo gabaabaa keessatti tajaajila barbaachisaa ta'e argachaa jiraachuu isaanii ibsaniiru. Kunis qisaasama yeroo fi maallaqaa isaaniif qusachaa jiraachuu himaniiru. Magaalaa Shaggaritti tajaajila wiirtuu iddoo tokkoo ammayyeessuun itti quufiinsa hawaasaa daraan kan dabale ta'uun kan ibsani immoo Hojii-gaggeessaa Wiirtuu Kenna Tajaajila Iddoo Tokkoo Magaalichaa Obbo Mokonnon Ambee dha.   Kaayyoon tajaajilichaas deddeebiifi dhamaatii maamilootaa hir’isuufi bakka hojii mijataafi qaqqabamaa ta'e uumuun, hawaasni tajaajila saffisaafi qulqullina qabu akka argatu taasisuu irratti kan xiyyeeffatedha jedhan. Keessattuu kenniinsa tajaajilaa tekinoolojiin deeggaruun baasii xiqqeessuu; maamilootaaf haala mijeessuu fi itti quufiinsa maamiltoota daraan dabaluun, amantaa hawaasni mootummaa irratti qabu sadarkaa olaanaarra geessisuudha jedhan. Qaqqabamummaa tajaajilichaa saffisiisuuf karaalee gurguddoo sadiin tajaajilli kennamaa kan jiru ta'uus eeraniiru. Abbootii dhimmaa gara wiirtichaa dhufuudhaan tajaajilaman malees, namoota humna hin qabneefi sababa adda addaatiin gara wiirtuu dhufuu hin dandeenyeef konkolaataa ammayyaa socho'aadhaan tajaajila kennuufi karaa intarneetii mana manasaaniitti tajaajilichi qaqqabaa jiraachuu eeraniiru. Hojiiwwan kanas caalaatti milkeessuudhaaf wiirtulee tajaajilaa babal'isuu irratti xiyyeeffatamee, bara kana keessa giddugalawwan sadii ijaaramuun tajaajilaaf banaa taasifamaniiru jedhan. #Ena Afaan Oromoo #TOI
Dhaabbileen Amantaa hojii gaarii tokkummaa fi nageenya biyyaatiif walitti dhiyeenyaan hojjechuu eegalan caalaatti cimsuu qabu
Jul 9, 2026 1080
Adoolessa 2/2018 (ENA): Dhaabbileen amantaa hojii gaarii nageenya fi tokkummaa biyyaatiif walitti dhiheenyaan hojjechuuf eegalan caalaatti cimsuu akka qaban De’eetaan Ministira Nageenyaa Dr. Kayraddiin Tazarraa hubachiisan. Ministeerri Nageenyaa uummata gidduutti walooma cimsuu fi ijaarsa nageenyaa fulla’aa ilaalchisuun dureewwan dhaabbilee Amantaa fi bakka bu’ootawaliin marii gaggeesseera. Marii kanarratti de’eetaan ministiraa akka jedhanitti; Ministeerichi ergama itti kenname ka’umsa godhachuun , akkasumas dhaabbileen amantaa ijaarsa nageenyaa fi waliigaltee biyyaalessaaf qooda olaanaa qaban bu’uura godhachuun itti dhiheenyaan hojjechaa jira. Tumsi akkanaa kun abbootiin amantaa dhaloota naamusaan ijaarame bocuu keessatti gahee isaanii akka bahanii fi nageenya akkasumas tokkummaa uummataa gabbisuuf kan kaayyeffatedha jedhaniiru. Mootummaan ayyaanonni amantaa nageenyaan kabajamee akka xumuramu xiyyeeffannoodhaan hojjechaa akka jiru ibsuun, bara 2019ttis ayyaanonni waggaa waggaan kabajaman taateewwan biyyaalessaa biroo waliin osoo walirra hin bu’iin nageenyaan akka adeemsifaman walitti dhiheenyaan hojjechuun barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru. Adeemsa kana caalaatti si’ataa taasisuuf xiyyeeffannoon akka hojjetamu ibsaniiru. Hariiroon mootummaan dhaabbilee amantaa waliin qabu nagayaa, kabaja irratti kan hundaa'ee fi seera-mootummaa dhimma amantaa fi mootummaa gargar baasuu kan eege ta'uu de’eetaan ministiraa ibsaniiru. Dabalataanis, nageenyii fi hariiroon gaariin dhaabbilee amantaa gidduu jiru fooyya'uu isaa ibsanii; dhaabbanni tokko kan biraa waliin tokkummaa fi walgargaarsaan rakkoolee furuuf deeggarsi inni agarsiisu guddachaa dhufuunsaa kan jajjabeeffamuu fi kan galateeffatamu ta'uu ibsaniiru. Dhaabbileen amantaa hundinuu hordoftoota isaaniitiif tokkummaa, waliin jireenya kabaja irratti hundaa'ee fi dhimmoota biyyaalessaa murteessoo ta'an irratti hojii gaarii walitti dhihaatanii hojjechuuf eegalan akka cimsanii itti fufan dhaamaniiru. Dureewwan amantaa waltajjicharratti argaman dhimmoota gara fuulduraatti xiyyeeffannoo barbaadan irratti yaada isaanii kaasaniiru. Ministeera Nageenyaa waliin qindoominaan hojjechuun isaanii dhimmoota baay'ee irratti waliin deemuuf carraa akka uumeef ibsanii, adeemsa gaarii kana cimsanii akka itti fufan dubbachuu isaanii ragaan ministeerichaa irraa argame ni mul’isa.
Karoorri tarsiimoo haaraan ergama hojii eegumsa mirga namoomaa loogii tokko malee fi itti-gaafatamummaan raawwachuuf waadaa kan itti galludha – Komishinara Olaanaa Biraanuu Adeeloo
Jul 9, 2026 679
Adoolessa 2 /2018 (ENA): Karoora tarsiimoo haaraa kanaan gahee hojii eegumsa mirga namoomaa keenyaa loogii tokko malee fi itti-gaafatamummaan raawwachuuf kan itti waadaa seennudha jedhan Komishinarri olaanaa Komishinii Mirgoota Namoomaa Itiyoophiyaa Biraanuu Adeeloo. Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itiyoophiyaa tarsiimoo waggoottan shanan dhufan ittiin gaggeeffamu qaamonni dhimmi ilaallatu bakka argamaniitti har'a ifa taasiseera. Komishinarri olaanaa Komishinichaa Biraanuu Adeeloo wayita sana akka jedhanitti, Komishinichi aangoofi itti-gaafatamummaa mirgoota namoomaa eegsisuu, babal'isuu fi hordofuu labsiidhaan kennameef haala guutuu ta'een ba’uuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Kanaanis, waggoottan shanan dabran keessatti sadarkaa biyyaalessaatti mirgoonni namoomaa akka eegaman, kabajamaniifi guutaman gochuuf hojiiwwan raawwatamaniin bu'aawwan jajjabeessoon galmeeffamuu isaanii gamaaggama taasifameen mirkaneessuun danda'amuu dubbataniiru. Komishinichi kanaan dura tarsiimoo ittiin gaggeeffamaa ture yeroon raawwii isaa xumuramuu hordofee, tarsiimoon haaraan kun ifa taasifamuu isaas hubachiisaniiru. Karoorri tarsiimoon kun yaada jijjiiramaa haaraa hedduu kan hammate ta'uu isaa eeruun, kanaan dura kan turerra haala caaluun seeronnii fi tarsiimoowwan bahan mirgoota namoomaa kan kabajaniifi kan walsiman akka ta'an xiyyeeffannoo kennuusaa dubbataniiru. Lammiileen daa’imummaa isaaniirraa kaasee waa'ee eegumsa mirga namoomaa hubannoo qabaatanii akka guddatan gochuuf, barnoota mirga namoomaa sirna barnootaa keessatti hammachiisuuf akka hojjetamus eeraniiru. Dabalataanis, eegumsa mirgoota namoomaa irratti kan hojjetu kutaa qo'annoofi qorannoo akkasumas institiyuutii hundeessuuf karoorfamuu Komishinarri olaanaan kun dubbataniiru. Milkaa'ina kanaatiifis komishinichi qaama dhimmi ilaallatuufi dhaabbilee idil-addunyaa waliin tumsaan akka hojjetu mirkaneessaniiru. Karoorri Tarsiimoon haaraan kun mirgoota namoomaa caalaatti eegsisuufi dhiheessii haqaa babal'isuuf gahee olaanaa akka taphatu kaasuun, hoggansiifi hojjettoonni komishinichaa milkaa'ina karoorichaatiif gahee isaanii bahachuuf qophii ta'uu isaanii ibsaniiru.
Diinagdee
Naannichatti Xiyyeeffannoon Misooma Jallisiif kenname naannoolee Hongeen midhamanii turan gara oomishtummaatti ceesiseera
Jul 10, 2026 572
Adoolessa 3/2018 (ENA):Naannoo Oromiyaatti xiyyeeffannoon misooma jallisiif kenname naannoolee hongeen midhamanii turan gara oomishtummaatti ceesisuu isaa Itti-aanaan Hogganaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Bariisoo Fayyisaa ibsan. Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad yaa'ii idilee 30ffaa bara hojii 5ffaa Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa irratti raawwii hojii mootummaa bara baajataa 2018 ilaalchisee gaaffilee miseensota mana marichaa irraa ka'aniif deebii fi ibsa kennuun isaanii ni yaadatama. Ibsa isaaniitiinis, barana lafa hektaara miiliyoona 29 kilaasteraan jallisii fi teekinooloojiin deeggaramee misoome irraa oomishni kutaalaa biiliyoona 1tuqaa 3 argamuu isaa ibsaniiru. Itti-aanaan Hogganaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Bariisoo Fayyisaa turstii ENA waliin taasisaniin; hojmaata ammayyaa’aa naannichatti diriiraniin, dhiyeessii galteewwanii saffisaa fi ce’umsi teknoolojii damee qonnaa gara boqonnaa haaraatti ceesisuu isaanii ibsaniiru. Qonni waggoottan darbaniitti meeshaalee aadaatiin qofa deeggaramaa ture gara Makaanaayizeeshiniitti ce'aa jiraachuunsaa tarkaanfii tarsiimowaa guddaa kan fide ta'uu eeraniiru. Babal'achuun Makanaayizeeshinii qonnaan bulaan fayyadama guyyaa irra darbee oomisha gabaaf ta'u bal'inaan akka oomishuufi gara fayyadamummaa dinagdee olaanaatti akka ce'uuf balbala saaquusaa ibsaniiru. Naannichatti misooma Qamadii bal'inaan kilaasteraan hojiirra oole jallisii bonaa, arfaasaa fi qonna gannaan hojiiwwan misooma qindaa'aa raawwatamaniin; lafa hektaara miiliyoona 6 tuqaa 8 ol misoomsuun akka danda'ame ibsuun, kanaanis oomisha kutaalaa miiliyoona 300 ol oomishuun akka danda'ame eeraniiru. Bu'aan kun qonni naannichaa kallattii haaraa ittiin hogganamaa jiru bu'a qabeessaa fi abdi-qabeessa ta'uu isaatiif agarsiiftuu guddaadha jedhaniiru. Naannoolee gammoojjii kanaan dura hongeen beekaman gara oomishtummaa itti fufiinsa qabutti jijjiiruuf hojiiwwan raawwatamaniin milkaa'ina guddaa damee kanaa ta'uu isaas dabalanii ibsaniiru. Keessattuu Godina Booranaatti pirojektoonni akka hidha Jallisii Finnaa fi kanneen biroo hojiitti galan fayyadamummaa hawaasummaa fi dinagdee hawaasichaa qabatamaan mirkaneessaniiru jedhan. Pirojektoonni jallisii kunniin hawaasni horsiisee bulaa barootaaf bishaanii fi marga barbaacha sochii bakkaa bakkatti taasisaa ture fi aadaa haala jireenyasaa hundee irraa jijjiiruu isaanii eeraniiru. Hojiiwwan tarsiimo’aan kunniin ilaalcha naannichaaf ture jijjiiruudhaan, har'a naannoolee gammoojjii wiirtuu misooma qamadii bal'aa fi jallisii akka ta'an taasiseera. Sagantaan maaddii guutuu Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin hojiirra oole naannichatti godinalee, aanaalee fi gandoota hundatti bal'inaan haala qindaa'een hojiirra oolaa jiraachuusaa beeksisaniiru. Sagantichi wabii nyaataa mirkaneessuu bira darbee damee sirna nyaataa fi dinagdee keessatti jijjiirama qabatamaa fidaa jiraachuu eeraniiru.
Naannoo Oromiyaa godina Shawaa bahaatti oomishtummaa qonnaa guddisuudhaan oomishooota biyya alaatti ergaman oomishuurratti xiyyeeffatameera
Jul 10, 2026 271
Adoolessa 3/2018(ENA)- Naannoo Oromiyaa godina Shawaa bahaatti oomishtummaa qonnaa guddisuudhaan oomishooota wabii nyaataa mirkaneessuu dandeessisanii fi biyya alaatti ergaman oomishuurratti xiyyeeffatamuusaa waajjirri qonnaa godinichaa ibse. Itti aanaan itti gaafatamaa waajjira qonnaa godinichaa Abinnat Zagayyee ENA’f akka ibsanitti, bara oomishaa 2018/19 midhaan dheedhii fi biilaa gabaa alaaf ergaman oomishuuf xiyyeeffatamee hojjetamaa jira. Omishtummaa qonnaa guddisuuf deeggarsi dhiheessii galtee, teeknooloojii qonnaa akkasumas ogeessaaf taasifamu cimee itti fufuusaa ibsaniiru. Kun ammoo oomistummaa qonnaa godinichaa guddisuudhaan wabii nyaataa mirkaneessuurra darbee oomishoota biyya alaatti ergaman bal’inaan oomishuuf deeggaraa akka jiru dubbataniiru. Omishoota biyya alaatti ergaman keessasaa Boloqqee fi Shumburaa kilaastaraan misoomsuudhaan fayyadama qonnaan bulaa guddisuuf xiyyeeffannoon addaa kennamuusaa eeraniiru. Bara bajataa darbe boloqqeen kuntaala miiliyoona 1 tuqaa 8 argamuusaa eeranii, oomisha argame keessaa kuntaalli miiliyoona 1 tuqaa 3 gabaa alaaf dhihaachuusaa eeraniiru. Ganna baranaa hojicha caalaatti cimsuudhaan, lafa heektaara kuma 80 caalu kilaastaraan Boloqqee misoomsuudhaan oomisha kuntaala miiliyoona 2 caalu walitti qabuuf karoorfamuusaa beeksisaniiru. Shumburaa fi oomishoota dheedhii biro lafa heektaara kuma 12 irratti misoomsuudhaan industirii fi gabaa alaaf dhiheessuuf hojjetamaa jira jedhaniiru. Dabalataanis sadarkaa yaaliitti misooma Jirbii hojiirra oolchuuf, akkasumas galii qonnaan bulaa fi horsiisee bulaa guddisuuf xiyyeeffatamuu ibsaniiru.
Sagantaan qaqqabinsaa fi walitti hidhaminsaa Baadiyyaa Wabii Nyaataatiif Tiraansfoormeeshinii Baadiyyaa saffisiisaa jira – Ministira Caaltuu Saanii
Jul 10, 2026 346
Adoolessa 3/2018(ENA): Sagantaan walitti hidhaminsaa fi dhaqqabamummaa baadiyyaa wabii nyaataatiif tiraanisfoormeeshinii baadiyyaa saffisiisaa akka jiru Ministirri Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa Caaltuu Saanii ibsan. Ministeera Magaalaa fi bu’uura misoomaatti sagantaan qaqqabinsaa fi walitti hidhaminsa baadiyaa wabii nyaataa koree Istiriingii Federaalaa yaa’ii waggaa Magaalaa Bishooftuutti gaggeeffamaa jira. Walitti qabduun korichaa fi Ministirri Magaalaa fi Bu’uuraa Misoomaa Caaltuu Saanii walga’iicharratti akka ibsanitti; sagantichi baadiyyaatti bu’uuraalee misooma babal’isuun, guddina dinagdee saffisiisuu fi tiraanisfoormeeshinii baadiyyaa mirkaneessuun gumaacha guddaan taasifamaa jira.   Keessattuu, kanaan dura naannolee daandiin hin jirretti dhaqqabamummaa bu'uuraalee misoomaa mirkaneessuun akka danda'amees ibsaniiru. Kunis, hawaasni kallattiin fayyadamaa misoomichaa akka ta’uu fi oomisha isaa salphaatti gara gabaatti akka dhiyeessu dandeessisaa jiraachuu beeksisaniiru. Itti dabaluunis, ijaarsi bu’uuraalee misoomaa akkanaa oomishaa fi oomishtummaa guddisuu keessatti shoorri inni taphatu ol’aanaa waan ta’eef , galma biyyaalessaa wabii nyaataan of danda’uu mirkaneessuuf hedduu gargaara jedhaniiru. Naannolee hundaa fi Bulchiinsa Magaalaa Dirree Dhawaatti hojiirra oolaa kan jiru pirojektiin kun, misoomni hirmaachisaan akka babal'atu gumaacha mataa isaa taasisaa akka jiru eeraniiru. Yaa’iin Bishooftutti gaggeeffamaa jirus, milkaa'ina hanga ammatti galmeeffame caalaatti cimsuun itti fufsiisuu fi hanqinoota adeemsa keessatti mul'atan sirreessuu irratti xiyyeeffatee akka mari'atu beeksisaniiru. Walga’icharratti raawwii karoora bara baajataa 2018 fi karoora bara baajataa 2019 irratti marii bal’aan taasifamee kallattiin ni kaa’ama jedhamee eegama.
Bara bajatichaatti damee daldalaa teeknooloojiin deeggaruun hojiileen bu’a qabeessi raawwatamaniiru
Jul 10, 2026 427
Adoolessa 3/2018 (ENA)- Bara bajatichaatti damee daldalaa ammayyeessuunii fi teeknooloojiin deeggaruun hojiileen bu’a qabeessi raawwatamuusaanii ministirri daldalaa fi walitti hidhamiinsa riijinii Dr. Kaasahuun Goofee ibsan. Ministeerichi mata duree “tajaajilli dijitaalaa qindaa’aan tajaajila daldalaa ammayyaaf” jedhuun yaa’iisaa kan sektaraa Hawaasaatti gaggeessaa jira. Ministirri Dr. Kaasahun Goofee waltajjicharratti ergaa dabarsaniin akka jedhanitti bara bajatichaa dame daldalaa ammayyeessuun gamatti tajaajila dijitaalaa cimsuudhaan hojiileen bu’a qabeessi raawwatamaniiru. Keessumaa tajaajiloonni yeroo fi humna tajaajilamtootaa qusatan qaqqabamaa gochuuf tattaaffiiwwan godhaman milkaa’uusaanii eeranii, eyyamni daldalaa fi tajaajiloonni wal fakkaatoon miiliyoona 3 tuqaa 4 caalan karaa onlaayinii raawwachuudhaan itti quufinsa tajaajilamtootaa dhibbantaa 96 irraan gahuun danda’ameera jedhaniiru. Eyyama daldalaa fi to’annaa gabaa cimsuudhaan hojiiwwan fayyadama hawaasaa mirkaneessuu dandeessisan raawwatamuusaanii himaniiru. Bara bajatichaa gabaa n Sanbataa fi Dilbataa dabalataa 805 banamuusaanii ibsanii, oomishaaleen gatii madaalawaan hawaasaaf kallattiin raabsamuusaanii gabaan tasgabbaa’aa dhufuusaa kaasaniiru. Omishaalee garagaraa bara bajatichaa biyya alaatti ergaman irraa galiin doolaarri biiliyoona 11 ol argamuusaa dubbataniiru. Imaammanni mootummaan hordofe milkaa’ina damichaaf gumaacha guddaa argamsiisaa akka jiru eeranii, keessumaa kallattiin dinagdee damee hedduu bu’ura dinagdee bal’isuudhaan bu’aa qabatamaa argamsiisaa akka jiru dubbataniiru. Beellada biyya alaatti erguuf xiyyeeffannoo kennameen wiirtuuwwan gurgurtaa beelladaa 10 caalu ijaaramuusaanii eeraniiru. De’eetaawwan ministiraa ministeerichaa, hooggantoonni biiroo damichaa kan naannolee hundaa fi qooda fudhattoonni yaa’ii sektarichaarratti hirmaachaa jiru.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Naannoo Oromiyaatti Tajaajilli Wiirtuu Tokkoo 'Masoob' Wiirtuulee 53 Keessatti kennamaa jira
Jul 8, 2026 872
Adoolessa 1/2018 (ENA): Naannoo Oromiyaatti bara baajataa 2018 keessa tajaajila wiirtuu tokkoo 'Masoob' gara wiirtuulee 53tti bal'isuun, hawaasaaf tajaajila si’ataan kennamaa jiraachuu Biroon Paablik Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa Naannichaa beeksise. Tajaajilli wiirtuu tokkoo 'Masoob' rakkoolee kenniinsa tajaajila mootummaa Itiyoophiyaa keessa jiran haala waaraan hiikuuf gara hojiitti gale kun, yeroo ammaa naannolee hundatti babal'achaa jira. Tajaajilli Naannoo Oromiyaatti jalqabame kun naannichatti haalaan qaqqabamaa dhufuu isaa fi kenninsi tajaajilasaas si’ataa fi qulqulluu ta'uunsaa ibsameera. Itti-aanaan Hogganaa Biiroo Paablik Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa Naannichaa obbo Daamxoo Gammachuu ENA’f akka ibsanitti, bara baajataa 2018tti tajaajilicha caalaatti qaqqabamaa gochuun hawaasaaf deebii si’ataa kennuuf hojiilee hedduun hojjetamaa jiru jedhani. Tekinooloojiin deggaramuun magaalota gurguddoo shan keessatti hojiin eegale kana bal'isuun, yeroo ammaa kanatti naannicha keessatti Godinaalee hundatti wiirtuuleen 53 banamanii tajaajila kennaa jiraachuu ibsaniiru. Qulqullina tajaajiloota wiirtuulee kanaan kennaman caalaatti fooyyessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa akka jiru eeraniiru. Tajaajila kanaan hawaasni yeroo gabaabaa keessatti dhimma barbaadu galmaan ga’achuu danda'eera; kunis lammiilee deddeebbiifi baasii hintaaneerraa oolchuu bira darbee, hojiilee misoomaa irratti akka xiyyeeffatan isaan dandeessiseera jedhaniiru. Hojmaatni kun naannichatti sektera tajaajilaa irratti fooyya'iinsa guddaa fidaa akka jiru eeranii, keessattuu tajaajilichi wiirtuu tokko keessatti kan gurmaa'e, si’ataa, mijataafi iftoomina kan qabu waan ta'eef, sochii investimentii haala gaariin kakasaa jiraachuu ibsaniiru. Tajaajila kanaan gammachuu hawaasaa dabaluun kan danda'ame yoo ta'u, hamma ammaatti miseensonni hawaasaa kumni 700 ol tajaajilichaarraa fayyadamoo ta'aniiru. Wiirtuuleen kun Godinaalee bira dabranii gara aanaaleettis qaqqabaa waan jiraniif, gara fuulduraatti aanaalee naannichaa hundatti tajaajilicha dhaqqabsiisuuf hojjetamaa jira. Dabalataanis, gara fuulduraatti hojmaata dijiitaalaayizeeshinii (digitalization) guutummaatti dhugoomsuun, hawaasni tajaajilicha bakka jirutti sarara qunnamtii (Online) kanaan akka argachuu danda'uuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta'uu eeraniiru.    
Wiirtuun kenninsa Tajaajila iddoo tokkoo ‘Masoob’ Magaalaa Shaambuutti eebbifamuun hojii eegale
Jul 6, 2026 1094
Waxabajji 29/2018 (ENA): Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Magaalaa Shaambuutti wiirtuu kenninsa tajaajila iddoo tokkoo ‘Masoob’ xumuramuun eebbifamee tajaajilaaaf banaa ta’uun ibsameera. Bulchaan Godina Horroo Guduruu Wallaggaa obbo Mirreessaa Fiixee sirna eebbaa kanarratti tajaajilli wiirtuu tokkoo ‘Masoob’ haqummaa fi amanamuummaa akkasumas walqixxummaan tajaajila si'ataa, qulqulluu uummanni Mootummaa irraa barbaadu kennuuf murteessaa ta'uu ibsaniiru. Mootummaan Inisheetiviiwwan fayyadamummaa uummataa mirkaneessan hojiirra oolchaa kan jiru yommuu ta'u, Inisheetiviin Tajaajila iddoo tokkotti karaa ammayyaa'aa ta'een hawaasatti siquun Tajaajila Walqixaa kennuu irrattis xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuus himaniiru. Kantiibaan Magaalaa Shaambuu obbo Nagaroo Baanee ‘Masoob’ tajaajilli wiirtuu tokkoo kenninsa tajaajila ammayyeessuun rakkoolee bulchiinsa gaarii turan furuun amantaa uummanni mootummaarraa qabu kan dabalu ta'uu himaniiru. Masoob tajaajila wiirtuu tokkoon Tajaajiloota sekterootaa mootummaa fi dhaabbilee dhuunfaan hawaasaaf kennaman 90 foddaawwan 12'n tekinoloojiin deeggaruun kennamuu har’a eebbifamuun hojii eegale rakkoowwan ammaan dura turan akka furu ibsaniiru. Tajaajilli Wiirtuu tokkoo ‘Masoob’ hojii eegaluun deddeebii fi qisaasama yeroo hambisuun tajaajila qulqulluu fi ammayya'aa ta'e kan isaaniif kennu ta'uu jiraattootni Magaalaa Shaambuu sirna eebbaa kanarratti argaman himaniiru jechuun Waajjrri Komunikeeshinii Godina Horroo Guduruu gabaaseera.
Yuunivarsiitichi sanyii saawwan aannan fooyya’an horsiisuun qonnaan bulaa naannoosaatiif raabsaa jira
Jun 30, 2026 4052
Waxabajjii 23/2018 (ENA): Yuunivarsiitiin Amboo sanyii saawwan Aannan fooyya’an horsiisuun qonnaan bulaan naannichaa akka irraa fayyadamuuf deeggarsa gama isaatiin taasisaa jiraachuu beeksise. Yuunivarsiitii Amboo Kaampasii Gudar Maammoo Mazammiritti Itti Aanaan daarektara dhimmoota akkaadaamii Dr. Amaan Riqituu ENA’f akka ibsanitti, yuunivarsiitichi hojii baruu fi barsiisuu cinaatti, qorannoodhaan deeggaruun sanyii saawwan aannan fooyya’an horsiisee qonnaan bulaa naannoo sanaatiif akka qaqqaban taasisaa jira jedhan. Yuunivarsiitichi Aanaa Tokkee Kuttaayee waliin qindoomuun, kutaalee hawaasaa deeggarsi isaaniif malu adda baasuun, haala saawwan aannan fooya’aa kunneen itti dhiyaatan mijeessuun deeggarsa akka taasisan dubbataniiru. Kunis galii qonnaan bultootaa dabaluu bira darbee, naannichatti dhiyeessiin aannanii fi bu’aalee aannanii bal’inaan gabaadhaf akka dhiyaatu gochuu keessatti gahee guddaa taphachaa akka jiru ibsaniiru. Yuunivarsiitichi bara 2015 irraa eegalee hanga ammaatti saawwan aannan sanyiin isaanii fooyya’e 15 qonnaan bultoota naannoo sanatiif kennuu isaa dubbataniiru. Gama biraatiin, kaampasichatti hogganaan garee qorannoo horsiisa sawwan aannanii Obbo Tarreessaa Tamasgeen, yuunivarsiitichi omisha aannanii hawaasaa guddisuuf sanyii saawwan Horroo, Booranaa fi sanyii biyya alaa qorannoodhaan makuunii fi horsiisuun qonnaan bultoota naannootiif raabsaa akka jiru eeraniiru. Yeroo ammaa kanatti saawwan Aannan qorannoodhaan sanyiin isaanii fooyya’e 170 akka jiran kaasanii, isaan keessaas kurnan isaanii bara kana qonnaan bultootaaf qaqqabsiisuuf xiyyeeffannoodhaan hojjetamaa akka jiru ibsaniiru. Godina Shawaa Lixaa Aanaa Tokkee Kuttaayee irraa qonnaan bulaan Misgaanaa Lataa akka dubbatanitti, saawwan Aannanii Yuunivarsiiticha irraa isaaniif kenname irraa guyyaatti aannan hanga liitira 15 argachaa jiru. Omisha aannanii kana hawaasa naannootiif dhiyeessuun galii argataniin maatii isaanii haala gaariidhaan bulchaa akka jiran dubbataniiru.
Itiyoophiyaan guddina dinagdee dijitaalaaf bu’uura cimaa ijaaraa jirti
Jun 24, 2026 4750
Waxabajjii 17/2018 (ENA):Itiyoophiyaan guddina bu’uuraalee misoomaa, gahumsa dhaabbilee fi ogummaa dijitaalaatiin dinagdee dijitaalaaf bu’uura cimaa ijaaraa jirti jedhan gorsituu dijitaalaa Waajjira Ministira Muummee Miiriyaam Sa’iid. Mnistirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad bakka argamanitti yaa’iin ‘Itiyoophiyaan ni raawwatti’jedhu mata duree “jijjiirama irraa gara cehumsa itti fufinsa qabutti jedhu gaggeeffameera. Waajjira Ministira Muummeetti Gorsituu Dijitaalaa Miiriyaam Sa’iid; Itiyoophiyaan sirnoota kanaan dura gargar ciccitaa turan caasaa diinagdee walitti makame keessatti karaa eenyummaa dijitaalaa, kaffaltii fi waljijjiirraa daataa walitti makuun haala dandeessistuu hubannoo namtolchee (AI) ijaaraa akka jirtu himaniiru. Tajaajila mootummaa walitti hidhuu fi gahumsa lammiilee waliin guddisaa akka jiru ibsaniiru. Guddinni dinagdee dandeettii oomishaa, al-ergii fi invastimantii irratti kan hundaa’e ta’uu ibsuun, kana gara guddina fooyya’aatti jijjiiruuf sirna dijitaalaa cimsuun sirrii ta’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaan jijjiirama diinagdee bal’aa ta’een sochii diinagdee biyyattii albuudaa, qonna, magaalotaa fi bu’uuraalee misoomaa irratti haala mijeessuuf tooftaalee dijitaalaa hojiirra oolchaa jirti jedhan. Xiyyeeffannaan bu’uuraalee misoomaa tajaajila dijitaalaa saffisiisan sirna kaffaltii dinagdee keessatti bu’a qabeessa taasisuu, galmee, daldalaa fi hojiiwwan biroof haala mijeessaa jiraachuus hubachiisaniiru. Riifoormii dijitaalaa kana gara oomishtummaatti jijjiiruuf Itiyoophiyaan rakkoolee faayinaansii fi hanqina dandeettii ogummaa guddina damichaa gufachiisaa jiran furuu akka qabdu ibsaniiru. Humna hojjetaa gahumsa qabu kan teeknooloojii fayyadamuu danda’u oomishuuf hojiiwwan qulqullina barnootaa fooyyessanis hojiirra oolchaa jirti jedhan. Itti dabaluudhaanis, Inishiyeetiiviin Koodaroota Miiliyoona Shan lammiilee hedduu humneessuuf bal’inaan hojiirra oolaa jira jedhan. Itiyoophiyaan hubannoo namtolchee misoomsuu fi hojiirra oolchuuf dandeettii dhaabbilee, humna namaa fi teeknooloojii irratti xiyyeeffattee hojjechaa akka jirtus hubachiisaniiru. Itti dabaluudhaanis, Yuunivarsiitiin Namtolchee Yuunivarsiitii sadarkaa addunyaatti adda ta’ee, sirna leenjii fi qorannoo hojii waliin walqabsiisu ta’ee kan qophaa’e ta’uu ibsaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Ispoortii
Ijaarsi Bu'uuraalee misoomaa Itiyoophiyaa gidduu-gala ispoortii Afriikaa fi Addunyaa taasisan cimee itti fufeera
Jun 29, 2026 2411
Waxabajjii 22/2018 (ENA): Itiyoophiyaa giddu-gala ispoortii Afriikaa fi Addunyaa taasisuuf hojiileen misooma dippilomaasii fi bu'uuraalee misooma ispoortii raawwatamaa jiraachuu Ministeerri Aadaa fi Ispoortii beeksise. De’eetaan Ministira Aadaa fi Ispoortii Makiyyuu Mahaammad ENA’f akka ibsanitti,jijjiirramaa booda damee misooma ispoortiif xiyyeeffannoon kenname jijjiirrama dachaa galmeessisuu danda’eera jedhani. Waltajjiiwwan Idil-Addunyaa irratti bakka bu'insa Itiyoophiyaa guddisuudhaan bifa biyyattii ijaaruu fi dippilomaasii ispoortii jabeessuuf hojjetamaa jira jedhaniiru. Kanaanis hoggantoonni waldaalee Ispoortii biyyaalessaa 14 sadarkaa Ardii fi Idil-Addunyaatti hogganaa ta'anii tajaajilaa akka jiranii fi hojiin kun cimee akka itti fufu dubbataniiru. Itiyoophiyaanonni waltajjii dorgommii ispoortii Idil-addunyaa irratti hirmaannaa fi bu'aa qabeessummaan isaanii dabalaa jiraachuu isaas ibsaniiru. Itiyoophiyaan sagantaalee Ispoortii sadarkaa Ardii fi Idil-Addunyaa keessummeessaa jiraachuu ishee eeranii, kunis bifa biyyattii ijaaruu keessatti shoora olaanaa akka qabu ibsaniiru. Finfinnee giddu-galeessa sagantaalee isportii Afriikaa fi addunyaa gochuudhaan Itiyoophiyaa damee kanaan caalaatti fayyadamtuu taasisuuf xiyyeeffannoodhaan hojjetamaa jira jedhan. Kanaafis hojiileen babal'isuu bu'uuraalee misooma ispoortii sadarkaa isaanii eeggatan raawwatamaa jiraachuu kaasanii, Istadiyeemoonni gurguddoon shan sadarkaa idil-addunyaa akka guutan hojjetamaa jira jedhaniir
Atileetota lafaa dhufeeyyii filachuu fi hordofuuf sirna dijitaalaatti fayyadamuun xiyeeffannoon kennameera
Jun 17, 2026 6850
Waxabajjii 10/2018 (ENA): Federeeshiniin Atileetiksii Itiyoophiyaa sirna dijitaalaa haaraa ataileetota lafaa dhufeeyyii filachuu fi hordoffiif tajaajilu dhaabbataadhaan hiiku hojiirra oolchuuf hojjechaa jiraachuu beeksise. Akkasumas, teeknooloojiin dijitaalaa dhimmoota umurii wajjin walqabatan furuu keessatti gahee olaanaa akka qabu agarsiiseera. Itiyoophiyaan biyya atileetota gootota taate, injifannoo ijoolleen ishee galmeessisaniin maqaa ishee beekamtii fi alaabaa ishee dirree addunyaa irratti ol kaasaa jirti. Haa ta'u malee yeroo dhiyoo asitti bu'aan eegamu gama atileetiksiitiin galmaa'uu dhabuun isaa ni himama. Milkaa’ina atileetiksii idil-addunyaa Itiyoophiyaa eegsisuuf jecha atileetota itti aanan oomishuun dhimma xiyyeeffannoo argachuu qabu ta’uun isaa ifaadha. Hojii gaggeessaan olaanaa Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaa Dr. Amansiisaa Kabbadaa ENA waliin turtii taasisaniin akka himanitti, milkaa’ina itti fufiinsa qabu damichaa mirkaneessuuf atileetota dargaggoota irratti xiyyeeffachuun hojii hin hafnee fi murteessaa ta’uu ibsaniiru. Kanaaf Federeeshiniin Atileetiksii atileetota itti aanan bu’a qabeessa ta’anii fi biyyaaf ulfina fidan oomishuuf tooftaalee adda addaa qopheessaa fi hojiirra oolchaa akka jiru akeekaniiru. Federeeshinichi pirojektoonni akka biyyaatti hordofu sirna madaallii wal irraa hin cinne akka hordofan hojii jalqabuu isaa, akkasumas bu’a qabeessummaan pirojektootaa guddifamee atileetota dargaggoota oomishuuf akka ta’e hubachiisaniiru. Sirni haaraan kun rakkoolee adeemsi madaallii gaarii hin taanee fi pirojektoota keessatti deeggarsa maallaqaa yeroodhaan argachuu dhabuun mul’atu fureera jechuun hubachiisaniiru. Pirojektoota keessatti atileetota dargaggootaa itti dhiyeenyaan hordofuu fi atileetota gahumsa qaban oomishuuf sirni dijitaalaa hojiirra oolaa jiraachuu akeekaniiru. Sirni dijitaalaa kun keessumaa gufuulee umuriin walqabatan sirreessuun atileetiin tokko umurii isaaf malu irraa akka hirmaatu kan taasisu ta’uu ibsaniiru. Sirni dijitaalaa kun guutumaan guututti hojirra yommuu oolu dargaggoota atileetota gahumsa qaban akka dorgomanii fi biyya bakka bu’an jajjabeessuu keessatti ga’ee ol’aanaa qaba jedhaniiru. #TOI #ENA Afaan Oromoo #  
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Sagantaan  Ashaaraa Magariisaa Eegumsa Naannoo fi Haaromsa Sirna-Ikkoolojiitiif gumaacha olaanaa taasisaa jira
Jul 5, 2026 2019
Waxabajjii 28/2018 (ENA):- Sagantaan Ashaaraa Magariisaa hanga bosona biyyattii dabaluudhaan eegumsa naannoo fi haaromsa sirna-ikoolojiitiif gumaacha olaanaa taasiisaa akka jiru Daarektarri Olaantuu Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Itiyoophiyaa Dr. Injiiner Lalisee Namee ibsan. Itiyoophiyaan miidhaa jijjiirama haala qilleensaarraa maddu dandamachuuf, Uwwisa bosonaa guddisuufi wabii nyaataa mirkaneessuuf kan dandeessisu sagantaa Ashaaraa Magariisaa innisheetivii Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin bara 2011 irraa eegalee sadarkaa biyyaalessaatti hojiirra oolchaa jirti. Hirmaannaa biyyaalessaa guddaa kanaan dura waggoottan dabran keessatti biqiltuuwwan bosonaa, fuduraalee fi gaaddisaa biliyoona 48 ol misoomsuun danda'ameera. Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaan mata duree "Abdii haa dhabbannu " jedhuun sadarkaa biyyaalessaatti biqiltuuwwan biliyoona saddeet dhaabuuf karoorfamee gara hojiitti galamuun isaa ibsameera. Har'as Eejensiin Bulchiinsa Qulqullina Magaalaa Finfinnee bakka kosii gogaa itti gatan Raphii jedhamutti sagantaa Ashaaraa Magariisaa gaggeesseera. Daarektarri Olaantuu Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Itiyoophiyaa Dr. Injiiner Lalisee Namee wayita kanatti akka jedhanitti; sagantaan Ashaaraa Magariisaa naannoo faalamaa fi manca'iinsa irraa kan itti eegnu keessaa tokkodha jedhan. Waggoottan dabran keessa sagantaan Ashaaraa Magariisaa hojiirra ooleen uwwisni bosona biyyattii akka dabale ibsaniiru. Kunis eegumsa qilleensa addunyaatiif fala ta'aa dhufuu isaa dubbachuun; birmadummaa wabiinyaataa mirkaneessuu keessattis qoodasaa ba’achaa akka jiru ibsaniiru. Uwwisa bosona biyyattii dabaluudhaan eegumsa naannoo fi haaromsa sirna-ikoolojiitiif gumaacha olaanaa gumaacha akka jiru eeraniiru. Sadarkaa Itti aanaa Kantiibaatti Hojii gaggeessaa Olaanaan Magaalaa Finfinnee Injiiner Wandimmuu Seettaa gama isaaniitiin; bakka gatinsa kosii gogaa Raphiitti yeroo ammaa hojii deebisanii misoomsuu hojjetameen sodaa balaa irraa gara qabeenyummaatti jijjiiramaa dhufeera jedhaniiru. Daarektarri Olaanaan Eejensii Bulchiinsa Qulqullina Magaalaa Finfinnee Gazzaahenyi Deesisaa gama isaaniitiin; Raphiin bakka kosii gogaa itti gatan yeroo ammaa biqiltuudhaan uwwifamaa akka jiru dubbataniiru. Kanaanis yeroo ammaa deebisanii fayyadamuun gara qabeenyummaatti jijjiiramaa akka jiru eeraniiru. Hirmaattonni sagantichaa ENA’f yaada kennan; erga Ashaaraan Magariisaa jalqabamee kaasee waggaa waggaan dammaqinaan hirmaachaa akka jiran ibsuun; kanaan dura naannoo isaaniitti bakkeewwan kosii itti gatamaa turan amma deebi'anii dandamachuun biqiltuuwwan magariisaan uwwifamuusaanii dubbataniiru.
Itiyoophiyaan sagantaalee tarsiimoo eegumsa naannoo hojiirra oolchuun bu'aa qabatamaa galmeessisaa jirti - Ministira Fitsum Asaffaa
Jul 4, 2026 1325
Waxabajjii 27 /2018 (ENA): Itiyoophiyaan qormaata naannoo fi jijjiirama qilleensaa hiikuun imaammataa fi sagantaalee tarsiimoo misooma itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf bu’a qabeessa ta’een hojiirra oolchuun bu’aa qabatamaa galmeessisaa jirti jedhan Ministirri Karooraa fi Misooma Dr. Fitsum Asaffaa Biyya qulqulluu, fayyaa fi magariisaa dhaloota itti aanuuf dabarsuudhaaf kan eegalame duulli “Itiyoophiyaa Qulqulleettii Dhalootaaf” akka biyyaatti gaggeeffamaa ture marsaa sadaffaa har’a bakka itti aanaan ministira muummee obbo Tamasgeen Xurunaa argamanitti ifatti eegalameera.   Ministirri Ministeera Karooraa fi Misooma Dr. Fitsum Asaffaa Duula Itiyoophiyaa qulqulluu jedhu marsaa sadaffaan bu’aa marsaa lamaan darban keessatti argame bal’inaan babal’isuun misooma itti fufiinsa qabuu fi eegumsa naannoo biyyattiif dandeettii guddaa kan uumu ta’uu ibsaniiru. Sochiin kun lammiileef naannoo fayya qabeessaa fi qulqulluu ta’e uumuu fi Itiyoophiyaa qulqulluu dhaloota dhufuuf dabarsuuf kutannoo waloo ta’uu ibsaniiru.   Babal’inni magaalaa, balfi pilaastikii baay’achaa dhufuu, keemikaalota balaafamaa fi balfa sirnaan bulchuu dhabuun, faalama sagalee fi rakkoolee naannoo biroo fayyaa lammiilee, nageenya naannoo fi imala keenya gara misooma itti fufiinsa qabuutti qormaata ta’uu ibsaniiru. Mootummaan Itiyoophiyaa qormaata naannoo fi jijjiirama qilleensaa hiikuun misooma itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf imaammataa fi sagantaalee tarsiimoo hedduu hojiirra oolchaa jira jedhan. Daarektarri Olaantuu Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Dr. Injiinar Lalisee Namee akka jedhanitti, Sochiileen Itiyoophiyaa Qulqullina marsaa lamaan darban gaggeeffaman eegumsa naannoo irratti bu’a qabeessa ta’uu ibsaniiru. Marsaa jalqabaatiin namoota miliyoona 15 ol kan ,marsaa lammaffaatiin ammoo mala miidiyaa adda addaatiin namoota miliyoona 54 ol qaqqabsiisuun abbummaan akka hirmaatan taasifameera jedhani. Sochiin kun marsaa 3ffaan faalama pilaastikii, ittisa keemikaalota balaafamaa fi balfa balaafamaa, akkasumas ittisa faalama sagalee irratti kan xiyyeeffate ta’uu hubachiisaniiru. Sochiin Itiyoophiyaa Qulqulleettii eegumsa naannoo bu’uura kaa’aa jiraachuu ibsuun, milkaa’inni isaas hirmaannaa ummataa cimaa fi kutannoo waloo akka barbaadu ibsaniiru.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 27606
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti - Itti aanaa Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa
Jun 9, 2026 12515
Waxabajji 2 /2018 (ENA): Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti jedhani itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan muummee ministiraa Pirojektoota misoomaa adda addaa magaalaa Woldiyaatti ijaaraman eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Yeroo eebba kanaatti pirojektoonni misoomaa eebbifaman imala biyyattiin gara fuulduraatti taasiftu kan agarsiisan yoo ta’u, guddinni Itiyoophiyaa eenyullee dhaabuu akka hin dandeenye kuni ragaadha jedhan. Itti aanaan ministira muummee kun ummanni magaalaa Woldiyaa finxaaleyyii fi qoqqoodinsa mormuudhaan kan beekamu ta’uu ibsuun, filannoon isaanii irra deddeebiin nagaa fi mootummaa cimaa ta’uu isaa kan argisiisu ta’uu ibsaniiru.   Mootummaan baandota irratti qabsaa’aa jira jedhani. Waggoota 50 fi 60 darbaniif warri yaada dulloomaatiin qabaman guddina ariifataa biyyattii hubachuu akka hin dandeenyes ibsaniiru. Warri bosona keessa jiran jijjiirama guddaa biyyatti dhufe kan akka misooma koridarii, maaddii guutuu, pirojektoota misoomaa fi oomisha qamadii arguu akka hin dandeenye dubbataniiru. Misoomni koridarii magaalota keessatti gaggeeffamaa jiru dhimma bareedinaa qofa osoo hin taane magaalota ammayyeessuun sadarkaa jireenyaa ummataa ol kaasuuf kaayyoo ta’uu ibsaniiru. Magaalonni Itiyoophiyaa magaalota Baha Afriikaa fi addunyaa waliin dorgomuu akka qaban ibsaniiru; akkasumas tajaajila ammayyeessuuf tajaajilli giddugala tokkoo guutuu biyyattiitti babal’achaa akka jiru hubachiisaniiru. Manneen kitaabaa ummataa, manneen kitaabaa dijitaalaa fi kaffeewwan saayinsii magaalaa Woldiyaatti ijaaraman odeeffannoo guyyaa guyyaa irraa gara beekumsaa fi qorannoo gadi fagootti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan, abbootii qabeenyaa fi ummanni pirojektoota misoomaa eegalaman gara baadiyyaatti babal’isuun badhaadhina biyyattii dhugoomsuuf waliin hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 13948
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015