ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Qaammee 2 guyyaa olka’insaa sababeeffachuun mariin paanaalii gaggeeffame
Sep 7, 2026 156
Qaammee 2/2018 (ENA) : Magaalaa Shaggar kutaa malaagaa Malkaa Noonnootti Qaammee 2 guyyaa olka’insaa sababeeffachuun mariin paanaalii gaggeeffameera. Saganticharratti guyyaan olka'insaa Qaammee 2 mata duree "Milkaa'inni har'aa bu'uura Olka'insa boruu fi Badhaadhina hunda-galeessaf" jedhuun Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Malkaa Noonnootti marii paanaaliin fi daawwaannaa hojii Pirojektoota garaa garaan yaadatamee ooleera. Guyyaan Olka'insaa kun guyyaa injifannoo aragme labsaa, imala jijjiiramaa Badhaadhina hunda-galeessa dhugoomsuuf eegalame milkeessuuf lammiilee biyya keenyaa waadaa itti galanidha. Itti gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa damee Magaalaa Shaggar Obbo Alamaayyoo Tulluu saganticha irratti akka ibsanitti, biyyi keenya seenaa maraammartoo hiyyummaa keessa turte hooggansa tarsiimo'aan barii jijjiiramaa irraa eegalee waggootta muraasa keessatti milkaa’inoota gurguddoo akka biyyaatti galmeessuun kan danda'ame ta'uu eeraniiru. Milkaa'inni argamanis xombora injifannoo kan ta'e xumuramuu hidha haaromsaa Guddicha Itiyoophiyaa, daandiiwwan Asfaaltii, misooma Turizimiitiin akka biyyaatti bu'aa olaanaan aragamuu kaasanii, ijaarsa Buufata Xiyyaara idil-Addunyaa jalqabames bu'aa Mootummaa paartii badhaadhinaan kan argameefi olka'insa biyyaa keenyaa kan dhugoomsu ta'uu himaniiru. Itti aanaa Kantiibaa Magaalaa Shaggariifi Qindeessaa Kilaastera Dinagdee Obbo Guyyoo Galgaloo, Sagantaa marii gaggeeffamee kanarratti akka ibsanitti imala jijjiiramaa eegalame dhugoomsuuf kalaqaafi tekinooloojii jajjabeessuun bu'uura industirii gurguddaa fayyadamummaa uummataa mirkaneessan ijaaruuf gargaara jedhaniiru. Guyyicha marii paanaaliin booda daawwanaa hojii piroojektoota garaa garaa daawwachuun yaadatamee ooluusaa odeeffannoo Komunikeeshinii magaalichaarraa argame mul’isa.
Afriikaan jijjiirama haala qilleensaaf furmaata gama barbaaduutiin qooda adda durummaa bahachuu qabdi-Kilaver Gateetee
Sep 7, 2026 148
Qaam’ee 2/2018 (ENA)- Afriikaan marii fi furmaata jijjiirama haala qilleensaa addunyaa irratti hirmaannaa cimaa bahachuu akka qabdu hojii raawwachiisaa olaanaan komishinii dinagdee Afriikaa Kilaver Gateetee ibsan. Yaa’iin jijjiirama haala qilleensaa fi misoomaa Afriikaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira. Yaa’iin kun mata duree “roodmaappii abdiirraa gara gochaatti; Yebellem-Antaaliyaa-Finfinnee” jedhuun gaggeeffamaa jira. Hojii raawwachiisaa olaanaan komishinii dinagdee Afriikaa Kilaver Gateetee wayita kana akka jedhanitti, gumaachi Afriikaan gadhiisii kaarboonii idil addunyaaf gumaachitu dhibbantaa afur ta’us garuummoo rakkoo guddaa baattee jirti. Dhugaank un seenaa miidhama Afriikaa ta’ee itti fufuu akka hin qabne dubbatanii Afriikaan dandeettii humna haaromfamaa guddaa, qabeenya albuudaa humna namaa dargaggoo fi gabaa guddachaa dhufutti gargaaramuudhaan sadarkaa idil addunyaatti furmaatilee qiyyaasuudhaan qooda adda duree bahachuu akka qabdu ibsaniiru. Afriikaan galmoota haala qilleensaa A.L.A amma bara 2030tti qabaman hojiirra oolchuuf wagga waggaan doolaara biiliyoona 277 ishee barbaachisus kan argachaa jirtu dhibbantaa 11 qofa jedhan. Har’allee Afriikaanonni miiliyoona 600 ol ta’an tajaajila elektiriikii waan hin arganneef humna haaromfamaa babal’isuun bu’ura dinagdee ta’uu qaba jedhaniiru.
Sirni Awwaalcha Artist Ilfinesh Qannoo boru Magaalaa Ambootti raawwatama
Sep 7, 2026 195
Qaammee 2/2018 (ENA) : Sirni Awwaalcha Artist Ilfinesh Qannoo guyyaa boruu Magaalaa Ambootti kan raawwatamuu ta'uun ibsameera. Sirna gaggeessaa Artistii fi qabsooftuu Ilfinash Qannoo Ilaalchisee koreen sirna gaggeessaa ibsa Miidiyaaleef kenneera. Haaluma Kanaan sirni awwaalcha Artisti Ilfinesh Qannoo magaalaa Ambootti bakka maatii, jaalattoonniifi hawaasni Oromoo argamutti kan gaggeeffamu ta'uun ibsameera. Guyyaa boruu sa'aattii 11:00- 12:00 reeffi hospitaala kooriyaadhaa bahee gara mana ishee kan deemu ta'uufi sa'aatii 12:00 -1:00tti gaggeessan kan taasifamuu ta’uus ibsameera. Sa'aatii 3:00 irraa kaasee immoo bakka awwaalchaa gara magaalaa Ambootti kan imalu ta'uun ibsamuu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa. #Ena-Afaan -Oromoo #Ena#
Guyyaan Olka’iinsaa naannoo Oromiyaa magaalaa Naqamteetti sagantaa adda addaatiin kabajamaa jira
Sep 7, 2026 164
Qaammee 2/2018 (ENA): Guyyaan Olka’iinsaa Naannoo Oromiyaa magaalaa Naqamteetti sagantaa adda addaatiin kabajamaa jira. Qaammee 2, bulchiinsi magaalaa Naqamtee Guyyaa olka’iinsaa kana sochii ispoortii fi sagantaalee adda addaan bakka hoggantoonni naannoo fi magaalaa irratti hirmaataniin kabajaa jira. Daawwannaan pirojektii misoomaa adda addaa, marii paanaalii fi tajaajilli tola ooltummaas qaama Guyyaa olka’iinsaa kanaati. Ijaarsi biyyattii deebisanii ijaaruun yaada, hojii fi kutannoo walootiin galma gahuu akka danda'us ibsamee ture. Kunis bu’aa hojii argame kanaan dura galmaa’e nu yaadachiisuu qofa osoo hin taane, bu’aa argame cimsuun gara fuulduraatti tarkaanfachuuf kutannoodhaan hojjechuuf gargaara jedhameera. Bu’aa damee diinagdee, hawaasummaa fi siyaasaatiin argame sadarkaa olaanaatti ceesisuun bu’aa hanga ammaatti argame bu’uura godhachuun imala deebisanii bayyanachuu Itoophiyaa saffisiisuuf sagantaa baname ta’uu ibsameera. #Ena-Afaan -Oromoo #Ena#
Guddina Tuurizimii Itiyoophiyaa
Sep 7, 2026 209
Mootummaan Ida'amuu ergama imaammata haaromsa hawaas-dinagdee Itiyoophiyaa erga hojiirra oolchee kaasee, seektarri Turizimii seektaroota xiyyeeffannoo guddaan kennameef keessaa isa tokkodha. Turizimiin dandeettii Itoophiyaan qabdu keessaa tokko ta'us, kanaan dura haalaan otuu hin misoomiin sagantaalee garaa garaatiin dagatamee turuun gatii malu kan biyyi argachuu qabdu dhabdeeti. Haata’u malee yeroo ammaa Mootummaan Ida’amuu xiyyeeffannoo damee Tuurizimiif kenneen guddina ajaa’ibaatu galmaa’aa jira. Mootummaan Ida'amuu Turizimii akka bu'uura dinagdee fi meeshaa bifa biyyaa ijaaru; akkasumas madda carraa hojii uumuutti fudhatee hojjeteen bu’aan olaanaaniifi hojiiwwan gurguddoon seena qabeessa ta’e hojjetamaaniiru. Guddina seektara turizimii Mootummaa Ida'amuu jalatti raawwataman keessaa ijoon kunooti: 1. Misooma Pirojektoota Gurguddoo Mootummaan Ida’amuu meeshaa guddaa Tuurizimii haaraa uumuuf pirojektoota gurguddoo ijaaruu fi babal'isuu irratti xiyyeeffateera. Pirojektoota Dinagdee Magariisaa: Paarkii Inxooxxoo : Bosona Inxooxxoo isa dagatamee onee ture haaressuunii fi miidhagsuun simboo itti horuun danda’ameera. Paarkii Tokkummaa fi Michoomaa (Friendship & Unity Parks): Finfinnee keessatti masaraa mootummaa fi naannoo sana gara paarkii uumamaa fi seenaa biyyaa agarsiisutti jijjiiruun bakka gahumsa Tuurizimii magaalaa guddaa uumera. Golambaa Saayinsii Biyyaalessaa : Saayinsii fi teknolojii paarkii haroowwan uumamaa fi arkitakchara ammayyaatiin utubamee turistoota hawwachaa jira. Inisheetiivii Maaddii Biyyaaf : Inisheetiivii kanaan maallaqa walitti qabameen pirojektoonni turizimii naannolee garaa garaa keessatti ijaaramaniiru: Gorgoraa (Gondar - Naannoo Amhaaraa): Haroo Xaanaatti fayyadamuun bakka bashannana ammayyaa ijaaruun danda’ameera. Koyishaa (Naannoo Kibbaa Lixa Itiyoophiyaatti argama): Hawwata uumamaa fi misooma paarkii giddugaleessa godhatedha. Laga Oomoo irratti ijaaramuun isaa simboo addaa akka gonfatu isa taasiseera. Wancii: Naannoo Oromiyaa Shawaa Kibba Lixaatti argama. Mootummaan Ida’amuu naannoo Haroo Wancii misoomsuun hawaasa naannoo sanaa fayyadama taasisuun dabalatatti bakka gahumsa turistootaa taasiseera. Piroojektiin kuni inisheetivii Maaddiin Biyyaaf jalatti hojjetame. Qonnaan bultoota haala rakkisaa keessa jiraachaa turan gara diinagdee itti fufinsa qabuutti ceesisuun manneen jireenyaa ammayyaan ijaarameefii madda galii isaaniis ta’eera. 2. Turizimii Aadaa, Seenaa fi Uumamaa Haaromsuu Itiyoophiyaan teessuma lafaa, aadaa fi seenaa uumamaatiin badhaatuu taatus, haalli ijaarsa dhaabbilee Tuurizimii hanqina qaba ture. Mootummaan Ida'amuu garuu kana sirreessuun Hambaaleen dhalootaa dhalootatti akka ce’aniif hojjeteera;kunis madda gahumsa Tuurizimii hawwataa ta’eera: Siidaawwan fi Seenaawwan Tursiisuu: Masaraawwan seenaa (Masaraa Mootii Jimmaa Abbaa Jifaar, Masaraa Faasiladas eerun ni danda’ama); kunniinis suphamanii haala hammayyaatiin seenaa isaanii osoo hin gadhiisiin tursiisuudha Bakkeewwan dagatamanii turan haaromsuu: Fakkeenya Holqa soof umar. 3. Misooma Infirastiraakcharaa fi Wal-qunnamtii Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa: Daandiin qilleensaa biyya keessaa fi alaatti balali'insa babal'isuun, dirreewwan balali'insa biyya keessaa (filanoowwan ammayyaa fi buleeyyii haroomsuu) keessattuu bakka turizimii gurguddootti teeknoolojiidhaan deeggaramuun babal’isameera. ‘E-Visa’ fi Viiasan Biyya Seensaa (Visa on Arrival): Sirna viisaa daawwattoota alaa ammayyeessuu fi toora intarnetaatiin akka argatan gochuun odoo sa'aatii muraasa hin fudhatin biyya akka seenan dandeessiseera. 4. Turizimii Konferensii fi Magaalaa (MICE Tourism) Finfinnee magaalaa teessoo Gamtaa Afrikaa fi Koomishiniin Dinagdee Afrikaa ta'uu isheetiin mootummaan turizimii konferensii waltajjiiwwan irratti xiyyeeffateera. Hoteeloota sadarkaa addunyaa (International Brand Hotels) haaraa banuu fi deeggaruun bu’aan olaanaan galmaa’eera. Waltajjiiwwan adda addaa mijeessuun Itiyoophiyaa giddugaleessa Yaa'ii fi Konfiraansii idil Addunyaa gochuun danda’ameera. 5. Guddinni damee Tuurizimii Itiyoophiyaa yeroo ammaa kan osoo hin daangeffamin saffisaan mul'achaa jiru fi diinagdee biyyattii utubaa cimaa ta'ee itti jijjiiramaa jiru dha. Mootummaan falaasama Ida'amuu hordofuun tuurizimii akka utubaa dinagdee dam-daneessaa shanan keessaa tokko godhee xiyyeeffannoo addaa kenneera. Milkaa'ina fi guddina damee kanaan galmeeffamaa jiran qabxiilee gurguddoo ,Galii fi Yaa'insa Tuuristootaa dabaluu Tuuristoota Alaa: Waggaa baajataa dhiheenya kana xumurame keessatti daawwattoonni alaa miliyoona 1.4 ol Itiyoophiyaa daawwataniiru. Kunis waggoota darban waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu guddina olaanaa agarsiiseera. Galii Sharafa Alaa: Damee kanaan galiin sharafa alaa doolaara Ameerikaa biliyoona 5.2 ol akka argame Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsuun isaanii ni yaadatama. Tuurizimii Biyya Keessaa: Sosochiidhaan daawwattoonni biyya keessaa miliyoona 50 ol ta'an naannolee garaagaraa daawwachuun dinagdee naannoo kakaasaniiru. Carraa Hojii: Dameen Tuurizimii carraa hojii lammiilee hedduuf uumeera. #Ena-Afaan -Oromoo #Ena#
Siyaasa
Yaadonni Furmaataa Marii Biyyaalessaa irraa argaman qindaa’aa jiru -Komiishinii Marii Biyyaalessaa
Sep 7, 2026 244
Qaammee 2/2018 (ENA) : Yaadota furmaataa marii irraa argaman akkaataa gosa gosa isaaniin qindeessaa jiraachuu Komiishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa beeksise. Komiishinichi ibsa kenneen, yaadota furmaataa marii Biyyaalessaa irraa argaman gosaan qindeessaa jiraachuu himeera. Komiishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa, marii Biyyaalessaa Adoolessa 8 irraa hanga Hagayya 16/ 2018 gaggeeffamaa ture qindeessaa turuun ni yaadatama. Adeemsa kana keessatti Komiishinichi yaadota hedduu faayidaa biyyaalessaa qaban walitti qabuun qindeessuu danda’eera. Kunis lammiileen Itiyoophiyaa dhimma biyya isaanii irratti mari’achuuf kutannoo agarsiisan irraa kan madde ta’uu ibseera. Akka Labsii Lakkoofsa 1265/2014, Keewwata 9(10, 11 fi 12)tiin aangoo fi itti-gaafatamummaa Komiishinichaaf kennameetti, Komishinichi hojiilee hojjetu ibseera: Ajandaa marii Biyyaalessaa, adeemsa marii, yaadota marii irraa argaman, akkasumas mala yaadonni kun itti hojiirra ooluu danda’an kan ibsu sanada qopheessuun Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa, qaama raawwachiiftuu fi qaamolee mootummaa dhimmichi ilaallatu biroof ni dhiyeessa; Sanada kana uummataafis ifa taasisa; Mootummaan yaadota marii irraa argaman hojiirra oolchuu akka danda’uuf karoora ifaa fi qabatamaa akka qopheessu deeggarsa barbaachisaa ni taasisa; Raawwii yaadota marii hordofuuf sirna hordoffii ni diriirsa. Bu’uuruma kanaan, Komishinichi yeroo ammaa yaadota marii Biyyaalessaa irraa argaman gosa gosaan qindeessaa jirachuu hime. Akka ibsa Komiishinichaatti, itti aansuun yaadawwan dhiyaatan Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf ni dhiyeessa. Sana booda yaadota furmaataa karaa sirrii ta’een uummataaf ifa taasisa. Dhumarrattis, yaadota qaama raawwachiiftuuf dhiyeessuun hojiirra oolmaa isaanii ni hordofa. #Ena-Afaan -Oromoo #Ena#
Itti aanaan pirezidaantii Paartii Badhaadhinaa obbo Adam Faaraah Marii paartiilee siyaasaa Ardiilee gidduutti (ICDPP) gaggeeffamu isa jalqabaa irratti hirmaachuuf Kooriyaa Kibbaa seenan
Sep 6, 2026 624
Qaammee 1 / 2018 (ENA): Itti aanaan pirezidaantii fi hogganaan olaanaa Paartii Badhaadhinaa obbo Adam Faaraah Marii paartiilee siyaasaa Ardiilee gidduutti adeemsifamu (Inter-Continental Dialogue among Political Parties - ICDPP) jalqabaa irratti hirmaachuuf Kooriyaa Kibbaa Seoul galaniiru. Konfiraansii sadarkaa olaanaa idil-addunyaa Fulbaana 6 hanga 9, 2026 gaggeeffamu kun hoggantoota paartilee siyaasaa Afrikaa, Eeshiyaa, Awurooppaa, Laatiin Ameerikaa fi Ameerikaa Kaabaa irraa walitti fiduun kan eegamu yoo ta’u, yeroo ammaa sagantaa simannaa hirmaattotaaf adeemsifamaa jira. Konfiransichi sadarkaa addunyaatti walhubannoo fi tumsa paartilee siyaasaa gidduu jiru cimsuuf kan kaayyeffate yoo ta’u, guyyoota itti aanan keessatti ajandaawwan adda addaa irratti ni mari’ata jedhamee eegama. #Ena-Afaan -Oromoo #Ena#
Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad gita isaanii Xaaliyaaniif ergaa baga gammaddanii dabarsan
Sep 5, 2026 894
Hagayya 30/2018 (ENA):Ministirri Muummee Itiyoophiyaa Dr.Abiyyi Ahimad Ministira Muummee Xaaliyaanii Joorjiyaa Meelooniif ergaa baga gammaddanii dabarsan. Bulchiinsi Joorjiyaa Meeloonii milkaa’ina seenaa qabeessa galmeesseef maqaa Mootummaa fi Ummata Itiyoophiyaan baga gammaddan jechuun ergaa dabarsaniiru. Bulchiinsi keessan milkaa’ina seenaa keessatti isa guddaa ta’e galmeessisaa jirutti, isin baga gammaddan.' jedhan. Michuu koo Ministira Muummee Xaaliyaanii Joorjiyaa Meeloonii milkaa’ina bulchiinsa keessaniin galmaa’eef maqaa Ummataafi Mootummaan Itiyoophiyaatiin gammachuu onneerraa maddeefi ergaa baga gammaddanii dhiyeessuun barbaadaa jedhan Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad. Hariiroo fi tumsi cimaan gama hedduu Itiyoophiyaa fi Xaaliyaan gidduu jiru cimee itti fufa jedhan ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaanirratti dabarsaniin. Akka dubartii gaggeessituu cimtuufi fageessitee yaadduutti seenaa Xaaliyaanii keessatti tasgabbii gita hin qabne fiddanii jirtu jechuun, Murannoo hin raafamneefi jabina keesaniin miira kaka’umsaa addunyaa keessatti uumuufi hariiroo Itiyoophiyaafi Xaaliyaanii jidduu jiru akka hunda galeessaafi gadi fagoo ta’ee akka itti fufu gootaniirtu. Waliigaltee fi tumsa waloo, kan kabaja walii irratti hundaa’ef iddoo guddaa kennina. Isinii fi uummata Xaaliyaaniif nagaa fi badhaadhina itti fufiinsa qabu hawwina jechuun ergaa isaanii dabarsaniiru.
Ministirri Dhimma Alaa Dr. Geediyoon Xiimootiiwoos Barreessaa Itti Aanaa Dhimma Alaa Ameerikaa kan Dhimmoota Afrikaa waliin mari’ataniiru
Sep 5, 2026 547
Hagayya 30/2018 (ENA) — Ministirri Dhimma Alaa Itoophiyaa Dr. Geediyoon Xiimootiiwoos, Barreessaa Itti Aanaa Dhimma Alaa Ameerikaa kan Dhimma Afrikaa irratti hojjetan, Firaank Gaarsiyaan, har’a waajjira isaaniitti simatanii waliin mari’ataniiru. Hoggantoonni lamaan hariiroo yeroo dheeraa Itoophiyaa fi Ameerikaa gidduu jiru caalaatti cimsuuf karaa danda’amu irratti mari’ataniiru. Akkasumas, walitti hidhamiinsa daldalaa fi invastimantii biyyoota lamaanii cimsuu irratti mari’achuun, dhimmoota nageenyaa fi tasgabbii naannoo kan fedhii waloo isaanii ta’an irratti yaada wal jijjiiraniiru. Itoophiyaan fi Ameerikaan Caamsaa 2018 Washington, D.C. keessatti dhimmoota badhaadhina dinagdee, daldalaa fi invastimantii, tumsa ittisaa fi nageenyaa, akkasumas nageenyaa fi tasgabbii naannoo mirkaneessuu irratti marii biyyoota lamaanii gaggeessuu isaanii Ministeerri Dhimma Alaa ibseera.
Gibxi mirga Itiyoophiyaan qabeenya bishaanii isheetiin misoomuuf qabdu kabajuu qabdi-Tiiboor Naaj
Sep 3, 2026 1211
Hagayya 28/2018 (ENA) - Gibxi mirga Itiyoophiyaan qabeenya bishaanii isheetiin misoomuuf qabdu kabajuu akka qabdu Ameerikaatti gargaaraan ministira dhimma alaa dhimmoota Afriikaa duraanii Tiiboor Naaj ibsan. Galaana diimaan walitti hidhata seenaa kan qabdu Itiyoophiyaan gaaffiin ulaa galaanaa itti jirtu bu’ura seeraa akka qabus ta’uusaas dubbataniiru. Tiiboor Naaj turtii POA waliin turtii taasisaniin, yaa’a Abbayyaarratti qooda bishaanii osoo hin qabaatiin bara dheeraaf karaa haq-malee faddadamaa turuushee dubbataniiru. Gibxi adeemsi laga Abbayyaa guutummaan to’achuun qaba jettee hordofaa jirtu, dhugaa siyaasaa fi dinagdee qaxanichaa yeroo yeroon jijjiiramaa jiru waliin gonkumaa kan wal hin simne ua’uu ibsaniiru. Gibxi dhugaa haaraa kana fudhachuu qabdi kan jedhan dippilomaatiin duraanii kun, guddina Itiyoophiyaa si’ataa fi madaallii humnaa qaxanichatti jijjiiramaa jiru kaasaniiru. Siyaasaan qaxanichaa jijjiirama olaanaa taasisuusaa kan ibsan Tiiboor Naaj, yeroo ammaa madaalliin humnaa haaraan uumamuusaa fi Itiyoophiyaanis guddachuushee hubachuu akka qabdu cimsanii dubbataniiru. Gibxi akkaataa marii irra deebitee ilaaluudhaan ilaalcha haaraa fi sirrii qabattee gara mariitti yoo deebite walii galtee fulla’aa fi haqa qabeessarra gahuun akka danda’amu kaasaniiru. Mariileen mirga itti fayyadama bishaanii biyyoota yaa’a Abbayyaa hundaa beekamtii kennuurratti hundaa’an walii galtee uumuu akka dandeessisan dubbataniiru. Gibxi ejjennoo waa’ee Abbayyaa kaaftu caalaa ejjennoon Itiyoophiyaan galaana diimaatti akka hin dhihaanne qabatte dhugaarraa kan fagaate ta’uu kaasaniiru. Gibxi biyyoonni qarqara ganaana diimaa jiran qofaan dhimmi bulchiinsa galaanaa isaan ilaallata kan jettu yoo ta’e, yaa’a Abbayyaatti fayyadamuu kan qaban biyyoota qooda bishaanii qaban qofadha jechuun dubbataniiru. Ejjennoo Gibxi dhugaadhaan wal hin simne kana gocha fakkeessaa jechuun qeeqaniiru. Ameerikaatti gargaaraan ministira dhimma alaa dhimmoota Afriikaa duraanii tattaaffii Itiyoophiyaa hula galaanaa argachuuf taasisaa jirtu ilaalchisees yaadasaanii kennaniiru. Seenaa galaanarraa Itiyoophiyaan Kanaan dura qabdu yaadachuudhaan, biyyattiin yerositti humna galaanaa mataashee (Neevii), wiirtuu humna galaanaa fi admiraalota Itiyoophiyaa humna galaanaa keessatti tajaajilaa turan akka qabdus ibsaniiru. Itiyoophiyaan hula galaanaa dhabuunshee mudannoo guddaa gaddisiisaa ta’uusaa eeranii, tattaaffiin biyyattiin hula galaanaa argachuuf yeroo ammaa itti jirtu hariiroo seena qabeessa galaana diimaarraa qabdu waliin wal qabsiisaniiru. Fedhiin Itiyoophiyaan hulaa galaanaa argachuuf qabdu haqa qabeessaa fi seera qabeessa ta’uu Tiiboor Naaj ibsanii, iyyoonni olla fedhii Itiyoophiyaa sirriitti hubachuu akka qaban hubachiisaniiru.
Gurmaa'insa Paartii cimaa akkasumas hojimaata kalaqaafi ariitiin utubame diriirsuun badhaadhina hunda-galeessa mirkaneessuuf hojjetamaa jira.
Sep 3, 2026 785
Hagayya 28/2018(ENA)-Gurmaa'insa Paartii cimaa akkasumas hojimaata kalaqaafi ariitiin utubame diriirsuun badhaadhina hunda-galeessa mirkaneessuuf hojjetamaa jirachu ibsame. Gamtaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa gamaaggama raawwii hojiifi konfiraansii waliigaa bara 2018 geggeesseera. Sagantaa kanaanis gabaasni raawwii Paartii bara 2018 fi karoorri bara 2019 dhiyaachuun bal'inaan irratti mari'atameera. Hogganaan Damee Qabeenya Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa Obbo Shimallis Kabbadaa saganticharratti yaada kennaniin, Paartiin Badhaadhinaa seenaa siyaasaa biyya kanaa keessatti yaadama man-dhalee hojiirra oolchuun rakkoolee biyyi keenya barootaaf ittiin qoramaa turte bu'uuraan furuun biyya badhaadhina hunda galessa mirkaneeffatte ijaaruuf hojjetaa jira jedhan. Bu'uura kanaan, hoggansiifi miseensi Paartii injifannoo argaman kunuunsaa, waadaa filannoodhaan ummataaf seenne qixaan raawwachuuf of-qopheessuun dhimma murteessaa ta'u himan. Maree kanaanis,ciminaalee itti fufsiisuun hanqinaalee mul'atan maqsuun ce'umsi siyaasaa akka mirkanaa'uuf hunduu hojjechuu akka qabu irratti waliigalameera.
Hojiin tajaajila lammummaa gannaafi omishtummaan of danda’uu irratti hojjetamaa jiru, imala ijaarsa biyyaa milkeessuun bu'aa qabatamaa galmeessisaa jira - Obbo Kaffaaloo Tafarraa
Sep 2, 2026 912
Hagayya 27/2018 (ENA): Hojiin tajaajila lammummaa gannaafi omishtummaan of danda’uu irratti hojjetamaa jiru, imala ijaarsa biyyaa milkeessuun bu'aa qabatamaa galmeessisaa jiraachuu Hoogganaan Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Oromiyaa Obbo Kaffaaloo Tafarraa ibsan. Naannoo Oromiyaatti gamaggama torbaniitiin Sadarkaa raawwiin hojii Kenna Tajaajila Lammummaa Gannaafi gargaaramtummaarraa gara Omishtummaatti taasifamaa jiru koree ol’aanaa Naannootiin qoratameera. Hojiiiwwan gama kanaan hojjetamaa jiran mirkaneessuuf akeekamee garee superviizhinii bobbaa'aniin argannoon superviizhinii dhiyaachuun irratti mari'atameera. Hoogganaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa obbo Kaffaaloo Tafarraa gamaggama kanarratti yaada kennaniin, Humna misoomuu keessoo qixaan fayyadamuun omishtumaa guddisuun dinadgee hirkatummaa irraa walaba ta’e ijaaruun murteesaadha jedhan. Kana dhugoomsuufis Naannoo Oromiyaattis, gargaaramtummaa guutummaatti hambisuun omishtummaan ofdanda’uuf karoorfamee hojii hojjetamaa jiruun milkaa’inni yeroo yeroon galmaa’aa jiraachuu ibsaniiru. Gama biraatiin kenna tajaajila lammummaa gannaatiin hojii hojjetamaa jiru itti fufsiisuun jijjiiramni hawaas-dinagdee fulla’insaan akka galmaa’u taasisuu irratti koree olaanoo kanaan xiyyeeffannoon kennamee hojjetamuu akka qabu himaniiru. Waliigalaan,Imala Ijaarsa biyyaa karaa milkeessuu danda'uun hojiin gama kenna tajaajila lammummaafi Omishtummaan of danda'uu irratti hojjetamaa jiru bu'aa qabatamaa galmeessaa jiraachuu obbo Kaffaaloon ibsaniiru. Ta'us garuu,harcaatii hojii mul'atan guutuu taasisuun milkaa’ina argame sadarkaa barbaadameen gahuudhaaf,argannoo superviizhiniin adda bahaan galtee hojii yeroo itti aanuu godhachuun, qindoomina keenya daran cimsuufi hawaasni akka aadeffatu taasisuu akkasumas sirna deggarsaafi horfoffii bu'a qabeessa diriirsuun humna dandamannaafi dorgomtummaa egeree bu’uura amansiisaa irratti dhaabuun murteessaa ta'us kaasanii jiru. Gabaasa raawwii hojiifi argannoo superviizhinii dhiyaatee irratti bal'inaan erga mari'atamee booda kallattiin fuulduraa kennamuun goolabameera jechuun waajjjirri paartii Badhaadhinaa damee oromiyaa gabaaseera.
Raawwii hojii Ijoo Ministira Mummee Baatii Adoolessaa fi Hagayyaa raawwatan
Sep 1, 2026 1241
Sagantaa Dhaabbii Biqiltuu Ashaaraa Magariisaa guyyaa tokkoo: Sagantaan Ashaaraa Magariisaa yeroo waggaa 8ffaa isaa qabatee jirutti, walitti qabaa COP32 Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad ,Giiftii duree Zinnaash Taayyaachoo fi miseensota Koree Qindeessaa COP32 bakka argamanitti waliin ta'uun sagantaa dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaa biyyaalessaa guyyaa tokkoo bara kanaa gaggeessaniiru. Duulli kun guutuu biyyattii keessatti Itoophiyaanotaan guyyaa tokkotti biqiltuu miliyoona 800 dhaabuuf galma guddaa qabatee kan ka'e yoo ta'u, kaayyoo kaa'ame olitti milkeessuu danda'eera. Tattaaffiin kun Itoophiyaanota guutuu biyyattiin kan raawwataman yoo ta'u, Ministirri Mummee hirmaattonni injifannoo seenaa, tokkummaa fi obsaa galmeessuusaanii ibsuun galateeffataniiru. Daawwannaa fi Eebba Pirojektootaa: Ministirri Muummee taarmiinaala haaraa Buufata Xiyyaaraa Idil-Addunyaa Deejjaazmaach Balaay Zallaqaa Baahir Daaritti argamu eebbisuun tajaajilaaf banaa taasisaniiru. Pirojektiin kun Itoophiyaaf karra seensaa ijoo keessaa tokko ta'uu kan ibsan Ministirri Muummee, magaalaan kun qormaatilee dhiyoo kana ishee mudataniin osoo hin jilbeeffatiin obsa, dandamachuu fi wiirtuu investimantii fuulduraa ta'uushee mirkaneessuu danda'uushee hubachiisaniiru. Taarmiinaalli haaraan kun bu'uuraalee misoomaa buufata xiyyaaraa ammayyaa, daandiiwwan ga’umsaa fooyya'an fi tajaajiloota bal'aa qabachuun dandeettii buufata xiyyaaraa kan babal'isu fi mijaa'ina imaltootaa kan fooyyessu dha. Kunis jijjiirama magaalattii bal'aa waliin wal-qabatee Baahir Daarin wiirtuu balallii Idil-Addunyaa fi biyya keessaa taasisa. Dhimma Hawaasummaa: Gama biraatiin, Ministirri Mummee Dr. Abiyyi Ahimad (OBN) waliin gaaffii fi deebii kan taasisan yoo ta'u, turtii isaaniitiin gareewwan hidhatanii Oromiyaa, Amaara fi Tigiraay keessa socho'an kanneen faayidaa biyyaa caalaa faayidaa dhuunfaa isaanii dursan moo'achuu akka hin dandeenye erga hubatanii booda tumsa uumuusaanii ibsaniiru. Dabalataanis, ilaalchaa fi mala gaggeessummaa yeroon irra darbeen gareewwan kun Itoophiyaa dadhabsiisuu fi diiguu kanneen barbaadan diina seenaa alagaatiif akka meeshaa tajaajilaa jiraachuu isaanii dogoggora seenaa kana ibsaniiru. Dabalataanis, dimokiraasiin dhugaan siyaasaa qofa osoo hin taane, gara marii biyyaaleessaa dhugaa kana ol'aantummaa seeraa mirkaneessutti ce’uu akka qabu cimsuun dubbataniiru.

Hawaasummaa
Sirni Awwaalcha Artist Ilfinesh Qannoo boru Magaalaa Ambootti raawwatama
Sep 7, 2026 195
Qaammee 2/2018 (ENA) : Sirni Awwaalcha Artist Ilfinesh Qannoo guyyaa boruu Magaalaa Ambootti kan raawwatamuu ta'uun ibsameera. Sirna gaggeessaa Artistii fi qabsooftuu Ilfinash Qannoo Ilaalchisee koreen sirna gaggeessaa ibsa Miidiyaaleef kenneera. Haaluma Kanaan sirni awwaalcha Artisti Ilfinesh Qannoo magaalaa Ambootti bakka maatii, jaalattoonniifi hawaasni Oromoo argamutti kan gaggeeffamu ta'uun ibsameera. Guyyaa boruu sa'aattii 11:00- 12:00 reeffi hospitaala kooriyaadhaa bahee gara mana ishee kan deemu ta'uufi sa'aatii 12:00 -1:00tti gaggeessan kan taasifamuu ta’uus ibsameera. Sa'aatii 3:00 irraa kaasee immoo bakka awwaalchaa gara magaalaa Ambootti kan imalu ta'uun ibsamuu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa. #Ena-Afaan -Oromoo #Ena#
Itoophiyaan abjuu badhaadhina ishee bu'uura jabaa irratti ijaaraa jirti - Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa
Sep 7, 2026 127
Qaammee 02/2018(ENA): Itoophiyaan mul'ata badhaadhina ishee bu'uura jabaa irratti ijaaraa jirti jedhe Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa. Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa Qaammee 02 Guyyaa Olka’iinsaa sababeeffachuun ergaa dabarseera. Ibsi Tajaajilli Komunikeeshinii Mootummaa kenne Guutuun isaa akka armaan gadiitti dhiyaateera: Itoophiyaan karoora badhaadhinaa ishee hundee jabaa irratti ijaarrachaa jirti. Itoophiyaan imaammataa fi karoora mootummaa Ida’amuutiin hoogganamtee, badhaadhina hunda galeessaaf tattaaffii gochaa jirti. Qormaata yeroo garaagaraatti ishee mudate dandeettii walitti ida’ameen ce’aa, rakkoolee fi qormaata keessaa carraa maddisiisaa, egeree ishee hundee cimaa irratti ijaaruun jabeessaa jirti. Alaabaa Itoophiyaa waggoota dheeraaf handhuura lafaa irraa hanga Handaara lafaatti balali’aa turte ol kaasuun kan mul’isu, Daandii Qilleensa Itoophiyaa, egeree isaa tilmaama keessa galchuun, bu’uuraalee misoomaa akka Buufata Xiyyaaraa Idil-addunyaa Bishooftuu fi jijjiirama guddaatti ce’aa jira. Bakkeewwan hawwata turistii duraaniifi haaraan misoomaa, qaqqabamummaan isaaniis dabalaa jira. Qonnaan keenya rooba irratti hirkannaa irraa bilisa ba’aa, carraa hojii baadiyyaafi magaalaa ta’aa jira. Mootummaan Ida’amuu filannoowwan humna haaromfamuu danda’an kanneen akka bishaanii, qilleensaa, aduu, ji’oo-teermaalii fi humna niwukilarii fayyadamuuf halkanii fi guyyaa hojjechaa jira. Magaalotni biyyatti umrii dheeraa tajaajiluun dullooman misoomaan akka haaraatti haaromfamaa jiru. Bu’uuraaleen misoomaa babal’achaa fi walitti hidhamaa jiru, dandeettiin geejjibaa fi loojistikii cimaa jira; gahee isheen akka wiirtuu humna haaromfamuu danda’u naannichaa qabdu guddachaa jira; qabeenya albuudaa ishee sadarkaa olaanaadhaan fayyadamuun dhaloota dhufuuf badhaadhina hunda galeessaaf hojjechaa jirti. Hundee jajjaboo kanneen ka’umsa haaromsaa Itoophiyaa labsan, guddina ishee saffisa dabalan irratti ijaaramaa jiru. Itoophiyaanis sirna kana cimsuu fi fedhii isaanii dhugoomsuuf kutannoo qaban, waamicha mootummaa irratti hirmaannaa isaan taasisaniin ibsaa jiru. Filannoo Waliigalaa marsaa 7ffaa irratti halkanii fi guyyaa qormaata dandamatanii sagalee isaanii kennuu fi bu’aa isaa gammachuun fudhachuu isaanii, Ashaaraa Magariisaa keessatti waggaa waggaadhaan hirmaannaa fi milkaa’ina isaanii dabalaa, garaagarummaa yaadaa karaa nagaa ta’een furuuf Marii Biyyaalessaa filachuu isaanii,kun hundi Itoophiyaanonni mul’ata mootummaa Ida’amuu irratti abdii waliinii qaban, akkasumas milkaa’ina isaa dhugoomsuuf tattaaffii taasisaa jiran kan agarsiisudha. Sirna dimokraasii diriirsuun,diinagdee dameewwan hedduu irratti hundaa’e hordofuun; akkaataa jireenyaa ammayyaa magaalotaa gara baadiyyaatti babal’isuun, dhiyeessii humna haaromfamuu danda’u fooyyessuun; bu’uuraalee misoomaa geejjibaa ammayyeessuu fi babal’isuun, badhaadhina hunda galeessa Itoophiyaatiif hundee cimaa kaa’amaa jira. Kanaafidha Qaammee 02 “Guyyaa Olka’iinsaa” jedhamee moggaafamee kabajamaa kan jiru. Qaammee 02 Guyyaa Olka’iinsaa Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Finfinnee
Biiroon Geejjibaa Magaalaa Finfinnee har’a guyyaa keessaa hanga sa’atii 6:00tti tajaajila geejjibaa bilisaa dhiyeesse
Sep 7, 2026 136
Qaammee 02/2018(ENA): Biiroon Geejjibaa Magaalaa Finfinnee Qaammee 02 Guyyaa olka'iinsaa sababeeffachuun toorota bobbiin Geejjibaa bulchiinsa magaalattii jiru hundatti tajaajila geejjibaa kaffaltii malee akka kennuu beeksiseera. Tajaajilli geejjiba bilisaa kun ganama sa'aatii 12:00 irraa jalqabee kennamaa kan jiru yoo tahu hanga guyyaa keessaa sa'atii 6:00 tti akka itti fufu Hoogganaan Itti Aanaa Biiroo Geejjibaa Magaalaa Finfinnee Obbo Daanyaachoo Shifarraa ibsaniiru. Taaksiifi baasiin kuma 1 fi 200 ta'an tajaajila bilisaa kana kennaa jiru jedhan obbo Daanyaachoon. Tajaajila geejjibaa Finfinneen Qaammee 02 guyyaa olka’iinsaa sababeeffachuun kennitu kanaan imaltootni Miliyoona 1.1 ni fayyadamuun eegama.
Seenaa keessatti Aadaan Oromoo aadaa dhaabbatee hafe osoo hintaane, yeroo waliin tarkaanfataa ture. pirezidaantii Mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa
Sep 7, 2026 158
Ergaan pirezidaantii Shimallis Fuula miidiyaa hawaasa isaaniin dabarsaa guutuun isaa dubbisa. 𝐁𝐨𝐨𝐪𝐚𝐚 𝐁𝐢𝐫𝐫𝐚𝐚 —𝐁𝐨𝐨𝐤𝐚𝐚𝐧 𝐓𝐮𝐫𝐚𝐚! Kunoo, Qeerroon: “𝗚𝗼𝗼𝗯𝗲𝗲𝗻 𝗛𝗼𝗼𝗱𝗮 𝗬𝗮𝗮𝗱𝘂𝗿𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮𝗸𝗼𝗼! 𝗝𝗮𝗯𝗯𝗶𝗹𝗲𝗲𝗻 𝗛𝗼𝗼𝗳𝗮 𝗞𝗮𝗿𝗿𝗮 𝗡𝗮𝗮𝗯𝗮𝗻𝗶𝗶!” jechuun Goobeedhaan; Qarreen: “𝗔𝘀𝗲𝗲𝘀𝘀𝗮 𝗴𝗼𝗼𝗳𝗮𝗿𝗲𝗲 𝗴𝗼𝗼𝘁𝗮𝗮 𝗕𝗶𝗿𝗿𝗮𝗮𝗻 𝗯𝗮𝗿𝗮𝗻𝗮𝗮 𝗵𝗼𝗼𝗱𝗮𝗮!” jechuun Shinooyyeedhaan booqaa Birraatti bahuu keenya nuyaadachiisaa jiru. Ummata Oromoo mara, baga 𝐖𝐚𝐚𝐪𝐚𝐲𝐲𝐨 dachii magariisa, biqilaa daraaraa, qilleensa urgoo, bishaan taaliilafi cooqee qooraa booqaa Birraatiin isin gahe; baga nuun gahe! Goobeefi Shinooyyeen ayyaanota Birraa waliin hidhata addaa qaban keessa adda dureedha. Goobeen tokkummaa, misooma, jaalalaafi nageenya faarsa; Shinooyyeen ammoo suga Birraa, gootummaa, bareedina umamaafi milkii faarsa. Ce'umsa dukkanarraa ifatti, rakkoorraa qananiitti, adda cituurraa qaaman walarguutti, yaaddorraa nageenyatti taasifamu lallabuun abdii, araaraafi boqonnaa haaraa yaadachiisu. Kanaaf, kabaji kun ayyaana tokko yaadachuu qofa miti. Hariiroo namaafi umamaa, dhaloota har’aafi egeree, akkasumas jireenya hawaasaa haaromsuu of-keessatti hammata. Seenaa keessatti Aadaan Oromoo aadaa dhaabbatee hafe osoo hintaane, yeroo waliin tarkaanfataa ture. Haata’u malee, dhiibbaa adeemsa seenaa keessatti irra gaheen, dandeettiin madaqummaa seenaa, afaan, aartii, ogummaa, beekumsa xabboo, duudhaa, safuu, laal-addunyaafi eenyummaa isaa laafaa dhufee ture. Haata’u malee, ummanni keenya aadaa isaarratti cichee badiirraa oolchuun isaa gootummaa hedduu dinqisiifamuudha. Mootummaan Jijjiiramaa Naannoo Oromiyaa imaammata ‘misooma aadaa’ haala kana jijjiiruuf oolu bocuun hojiilee baldhaa raawwateera.Imaammanni misooma aadaa kun bu’aa jajjabeessaa galmeessiseera. Ta’us MNO bu’aa hanga yoonaa ka’umsaa olitti hinilaalu. Har’as ammayyummaan: magaalomsuu, addunyaalomsuu, barnoota, teknoolojiifi jijjiiramni dinagdee aadaa keenyarratti dhiibbaa uumuu ittifufeera. Kanaaf, gaaffiileen har’aa “‘aadaa keenyarraa kaanee eenyu taana; akkamitti gara egereetti ceena?’ kan jedhusi.” Bu’uuruma kanaan, MNO 𝗛𝗮𝗮𝗿𝗼𝗺𝘀𝗮 𝗔𝗮𝗱𝗮𝗮 𝗢𝗿𝗼𝗺𝗼𝗼 gaaffilee kanniin deebisuuf madaalu labsee hojii eegaleera. Haaromsi kun aadaa badiirraa oolchuu qofa osoo hintaane, dorgomaa taasisuudha. Humna isaa ganamaa: dandeettii of-haaromsuufi tarkaanfachuu isaa deebisuun bu’uura of-hubannoofi dandeettii hawaasa keenyaa taasisuudha. Ofitti amanamummaa ummanni keenya dandeettii waa murteessuu, uumuu, qindeessuufi gumaachuu irratti qabu deebisnee cimsuudha. Afaan, seenaa, falaasama, dhaabbilee hawaasaa, duudhaa, safuu, aartii, ogummaa, beekumsa xabboofi ittigaafatamummaa waloo keenya akkasumas barnoota, qorannoo, saayinsii, teknoolojii, dhaabbilee, bulchiinsa, jireenya hawaasaafi dinagdee bar-dhalee gidduutti walsima uumuudha. Dhimmoota wal-faallessoo fakkaatan, garuu qabatamaatti wal-humneessoo ta’an kan walitti fidu. Akkuma hidda keenya gadi fageeffachuu qabnu, yaada haaraaf banaa ta’uudha. Akkuma eenyummaa keenya tikfachuu qabnu, ammayyummaa madaqsuudha. Eenyummaa ofiitti deebi’uun addunyaarraa of-qoqqobuu akka hintaane; akkasumas ammayyummaan eenyummaa liqiitiin liqimfamuun of-dhabuu akka hintaane agarsiisudha. Haaromsi Aadaa Oromoo ‘𝗞𝗮𝗿𝗼𝗼𝗿𝗮 𝗢𝗳-𝗱𝗮𝗻𝗱𝗮’𝘂𝘂’ waggoota shanan dhufanii keessattis iddoo addaa akka qabaatu ta’eera. 𝗤𝗼𝗼𝗱𝗱𝗮𝘁𝘁𝗼𝗼𝘁𝗮 𝗱𝗼𝗿𝗴𝗼𝗺𝘁𝘂𝗺𝗺𝗮𝗮𝗻 𝗺𝗼𝗼𝘁𝘂𝗺𝗺𝗮𝗮 𝗴𝗮𝗻𝗱𝗮𝗮 𝗶𝘁𝘁𝗶𝗶𝗻 𝗺𝗮𝗱𝗮𝗮𝗹𝗮𝗺𝘂 keessaa isa ijoo ta’eera. Gandi marti Haaromsa Aadaa Oromoo guutummaan hojiitti akka hiikan kallattiin kaa’ameera. Sadarkaa gandaatii eegalee, maqaa gaarii ummata keenyaa eeguufi turizimii babaldhisuuf akka oolu hubannoon umameera. Haaromsi Aadaa Oromoo aadaa dhalootaa gara dhalootaatti jiraatamu, omishu, kalaquufi dorgomu ijaaruudha. Bu’uuruma kanaan, kaayyoowwan shan: barnootaafi beekumsa omishuu, dinagdee ceesisuu, aartii Oromoo ammayyeessuu, aadaa Oromoo ceesisuu, akkasumas miidiyaafi qunnamtii ammayyeessuu milkeessuuf socho’aa jira. Kaayyoowwan kunniin karaa qabachuu sirboota, weellisoota, diizaayinoota faayaafi uffata aadaa, akkasumas sochii daldalaa Goobeefi Shinooyyeen uumaa jiran qofa ilaaluun ragaa bahuu dandeenya. Walumaagalatti, gaaffii “aadaa akkamii dhalootaaf dhaalla?” jedhu qofa osoo hintaane, “aadaa keenyarraa kaanee dhaloota, hawaasafi sirna akkamii ijaarra?” kan jedhuus deebisaa jirra. Gama birootiin, kaayyoowwan kunniin kallattiin milkaa’ina 𝗴𝗮𝗹𝗺𝗼𝗼𝘁𝗮 𝘁𝗮𝗿𝘀𝗶𝗶𝗺𝗮’𝗼𝗼 𝗾𝗮𝗯𝘀𝗼𝗼 𝘂𝗺𝗺𝗮𝘁𝗮 𝗢𝗿𝗼𝗺𝗼𝗼 sadan akka deeggaran taasisneerra: 1. 𝗗𝗵𝗮𝗹𝗼𝗼𝘁𝗮 𝗗𝗼𝗿𝗴𝗼𝗺𝗮𝗮 𝗨𝘂𝗺𝘂𝘂f — kan eenyummaa isaa beeku, dheebuu beekumsaa qabu, saayinsiifi teknoolojiin tarkaanfate, akkasumas kalaqeessa, dhaweessafi omishaa taasisuu; 2. 𝗨𝗺𝗺𝗮𝘁𝗮 𝗗𝗶𝗻𝗮𝗴𝗱𝗲𝗲𝗻 𝗔𝗮𝗻𝗴𝗼𝗺𝘀𝘂𝘂𝗳 — kan beekumsa xabboo fayyadamu, qabeenyafi carraalee qabu beeku akkasumas sirnaan fayyadamu, naamusa hojii horate akka ta’u dandeessisuu; 3. 𝗦𝗶𝗿𝗻𝗮 𝗖𝗶𝗺𝗮𝗮 𝗜𝗷𝗮𝗮𝗿𝘂𝘂𝗳 — akka ummatummaa, hammattummaa, faayidaafi ittigaafatamummaa waloo tiksu akkasumas mala ittiin of-haaromsu qabaatee sirnoomu taasisuu. Haaromsa Aadaa Oromoo hordofee, ariitiin Goobeefi Shinooyyeen gara kaarnivaala idil-addunyaatti ce’uuf itti deemaa jiran kan nama jajjabeessu ta’uu ibsuun barbaada. Dhumarrattis, MNO Ayyaana Irreechaa cinaatti, 𝗚𝗼𝗼𝗯𝗲𝗲𝗳𝗶 𝗦𝗵𝗶𝗻𝗼𝗼𝘆𝘆𝗲𝗲𝗻𝗶𝘀 𝗚𝗮𝗹𝗺𝗲𝗲 𝗛𝗮𝗺𝗯𝗮𝗮𝗹𝗲𝗲 𝗔𝗮𝗱𝗮𝗮 𝗞𝗶𝗹𝗶𝘆𝗮𝗮 𝗗𝗵𝗮𝗹𝗮 𝗡𝗮𝗺𝗮𝗮 ta’anii ‘𝗨𝗡𝗘𝗦𝗖𝗢’tti akka galmaa’an kan hojjetu ta’uu carraa kanaan mirkaneessuun barbaada. Goobeen sifaafi suga; Shinooyyeen onnee araaraa, hila dhiifamaafi miira tokkummaa nuuf haata’u! Booqa Birraa, Bookaan Turaa!
Diinagdee
Qaammee 2 guyyaa olka’insaa sababeeffachuun mariin paanaalii gaggeeffame
Sep 7, 2026 156
Qaammee 2/2018 (ENA) : Magaalaa Shaggar kutaa malaagaa Malkaa Noonnootti Qaammee 2 guyyaa olka’insaa sababeeffachuun mariin paanaalii gaggeeffameera. Saganticharratti guyyaan olka'insaa Qaammee 2 mata duree "Milkaa'inni har'aa bu'uura Olka'insa boruu fi Badhaadhina hunda-galeessaf" jedhuun Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Malkaa Noonnootti marii paanaaliin fi daawwaannaa hojii Pirojektoota garaa garaan yaadatamee ooleera. Guyyaan Olka'insaa kun guyyaa injifannoo aragme labsaa, imala jijjiiramaa Badhaadhina hunda-galeessa dhugoomsuuf eegalame milkeessuuf lammiilee biyya keenyaa waadaa itti galanidha. Itti gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa damee Magaalaa Shaggar Obbo Alamaayyoo Tulluu saganticha irratti akka ibsanitti, biyyi keenya seenaa maraammartoo hiyyummaa keessa turte hooggansa tarsiimo'aan barii jijjiiramaa irraa eegalee waggootta muraasa keessatti milkaa’inoota gurguddoo akka biyyaatti galmeessuun kan danda'ame ta'uu eeraniiru. Milkaa'inni argamanis xombora injifannoo kan ta'e xumuramuu hidha haaromsaa Guddicha Itiyoophiyaa, daandiiwwan Asfaaltii, misooma Turizimiitiin akka biyyaatti bu'aa olaanaan aragamuu kaasanii, ijaarsa Buufata Xiyyaara idil-Addunyaa jalqabames bu'aa Mootummaa paartii badhaadhinaan kan argameefi olka'insa biyyaa keenyaa kan dhugoomsu ta'uu himaniiru. Itti aanaa Kantiibaa Magaalaa Shaggariifi Qindeessaa Kilaastera Dinagdee Obbo Guyyoo Galgaloo, Sagantaa marii gaggeeffamee kanarratti akka ibsanitti imala jijjiiramaa eegalame dhugoomsuuf kalaqaafi tekinooloojii jajjabeessuun bu'uura industirii gurguddaa fayyadamummaa uummataa mirkaneessan ijaaruuf gargaara jedhaniiru. Guyyicha marii paanaaliin booda daawwanaa hojii piroojektoota garaa garaa daawwachuun yaadatamee ooluusaa odeeffannoo Komunikeeshinii magaalichaarraa argame mul’isa.
Guyyaan Olka’iinsaa naannoo Oromiyaa magaalaa Naqamteetti sagantaa adda addaatiin kabajamaa jira
Sep 7, 2026 164
Qaammee 2/2018 (ENA): Guyyaan Olka’iinsaa Naannoo Oromiyaa magaalaa Naqamteetti sagantaa adda addaatiin kabajamaa jira. Qaammee 2, bulchiinsi magaalaa Naqamtee Guyyaa olka’iinsaa kana sochii ispoortii fi sagantaalee adda addaan bakka hoggantoonni naannoo fi magaalaa irratti hirmaataniin kabajaa jira. Daawwannaan pirojektii misoomaa adda addaa, marii paanaalii fi tajaajilli tola ooltummaas qaama Guyyaa olka’iinsaa kanaati. Ijaarsi biyyattii deebisanii ijaaruun yaada, hojii fi kutannoo walootiin galma gahuu akka danda'us ibsamee ture. Kunis bu’aa hojii argame kanaan dura galmaa’e nu yaadachiisuu qofa osoo hin taane, bu’aa argame cimsuun gara fuulduraatti tarkaanfachuuf kutannoodhaan hojjechuuf gargaara jedhameera. Bu’aa damee diinagdee, hawaasummaa fi siyaasaatiin argame sadarkaa olaanaatti ceesisuun bu’aa hanga ammaatti argame bu’uura godhachuun imala deebisanii bayyanachuu Itoophiyaa saffisiisuuf sagantaa baname ta’uu ibsameera. #Ena-Afaan -Oromoo #Ena#
Guddina Tuurizimii Itiyoophiyaa
Sep 7, 2026 209
Mootummaan Ida'amuu ergama imaammata haaromsa hawaas-dinagdee Itiyoophiyaa erga hojiirra oolchee kaasee, seektarri Turizimii seektaroota xiyyeeffannoo guddaan kennameef keessaa isa tokkodha. Turizimiin dandeettii Itoophiyaan qabdu keessaa tokko ta'us, kanaan dura haalaan otuu hin misoomiin sagantaalee garaa garaatiin dagatamee turuun gatii malu kan biyyi argachuu qabdu dhabdeeti. Haata’u malee yeroo ammaa Mootummaan Ida’amuu xiyyeeffannoo damee Tuurizimiif kenneen guddina ajaa’ibaatu galmaa’aa jira. Mootummaan Ida'amuu Turizimii akka bu'uura dinagdee fi meeshaa bifa biyyaa ijaaru; akkasumas madda carraa hojii uumuutti fudhatee hojjeteen bu’aan olaanaaniifi hojiiwwan gurguddoon seena qabeessa ta’e hojjetamaaniiru. Guddina seektara turizimii Mootummaa Ida'amuu jalatti raawwataman keessaa ijoon kunooti: 1. Misooma Pirojektoota Gurguddoo Mootummaan Ida’amuu meeshaa guddaa Tuurizimii haaraa uumuuf pirojektoota gurguddoo ijaaruu fi babal'isuu irratti xiyyeeffateera. Pirojektoota Dinagdee Magariisaa: Paarkii Inxooxxoo : Bosona Inxooxxoo isa dagatamee onee ture haaressuunii fi miidhagsuun simboo itti horuun danda’ameera. Paarkii Tokkummaa fi Michoomaa (Friendship & Unity Parks): Finfinnee keessatti masaraa mootummaa fi naannoo sana gara paarkii uumamaa fi seenaa biyyaa agarsiisutti jijjiiruun bakka gahumsa Tuurizimii magaalaa guddaa uumera. Golambaa Saayinsii Biyyaalessaa : Saayinsii fi teknolojii paarkii haroowwan uumamaa fi arkitakchara ammayyaatiin utubamee turistoota hawwachaa jira. Inisheetiivii Maaddii Biyyaaf : Inisheetiivii kanaan maallaqa walitti qabameen pirojektoonni turizimii naannolee garaa garaa keessatti ijaaramaniiru: Gorgoraa (Gondar - Naannoo Amhaaraa): Haroo Xaanaatti fayyadamuun bakka bashannana ammayyaa ijaaruun danda’ameera. Koyishaa (Naannoo Kibbaa Lixa Itiyoophiyaatti argama): Hawwata uumamaa fi misooma paarkii giddugaleessa godhatedha. Laga Oomoo irratti ijaaramuun isaa simboo addaa akka gonfatu isa taasiseera. Wancii: Naannoo Oromiyaa Shawaa Kibba Lixaatti argama. Mootummaan Ida’amuu naannoo Haroo Wancii misoomsuun hawaasa naannoo sanaa fayyadama taasisuun dabalatatti bakka gahumsa turistootaa taasiseera. Piroojektiin kuni inisheetivii Maaddiin Biyyaaf jalatti hojjetame. Qonnaan bultoota haala rakkisaa keessa jiraachaa turan gara diinagdee itti fufinsa qabuutti ceesisuun manneen jireenyaa ammayyaan ijaarameefii madda galii isaaniis ta’eera. 2. Turizimii Aadaa, Seenaa fi Uumamaa Haaromsuu Itiyoophiyaan teessuma lafaa, aadaa fi seenaa uumamaatiin badhaatuu taatus, haalli ijaarsa dhaabbilee Tuurizimii hanqina qaba ture. Mootummaan Ida'amuu garuu kana sirreessuun Hambaaleen dhalootaa dhalootatti akka ce’aniif hojjeteera;kunis madda gahumsa Tuurizimii hawwataa ta’eera: Siidaawwan fi Seenaawwan Tursiisuu: Masaraawwan seenaa (Masaraa Mootii Jimmaa Abbaa Jifaar, Masaraa Faasiladas eerun ni danda’ama); kunniinis suphamanii haala hammayyaatiin seenaa isaanii osoo hin gadhiisiin tursiisuudha Bakkeewwan dagatamanii turan haaromsuu: Fakkeenya Holqa soof umar. 3. Misooma Infirastiraakcharaa fi Wal-qunnamtii Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa: Daandiin qilleensaa biyya keessaa fi alaatti balali'insa babal'isuun, dirreewwan balali'insa biyya keessaa (filanoowwan ammayyaa fi buleeyyii haroomsuu) keessattuu bakka turizimii gurguddootti teeknoolojiidhaan deeggaramuun babal’isameera. ‘E-Visa’ fi Viiasan Biyya Seensaa (Visa on Arrival): Sirna viisaa daawwattoota alaa ammayyeessuu fi toora intarnetaatiin akka argatan gochuun odoo sa'aatii muraasa hin fudhatin biyya akka seenan dandeessiseera. 4. Turizimii Konferensii fi Magaalaa (MICE Tourism) Finfinnee magaalaa teessoo Gamtaa Afrikaa fi Koomishiniin Dinagdee Afrikaa ta'uu isheetiin mootummaan turizimii konferensii waltajjiiwwan irratti xiyyeeffateera. Hoteeloota sadarkaa addunyaa (International Brand Hotels) haaraa banuu fi deeggaruun bu’aan olaanaan galmaa’eera. Waltajjiiwwan adda addaa mijeessuun Itiyoophiyaa giddugaleessa Yaa'ii fi Konfiraansii idil Addunyaa gochuun danda’ameera. 5. Guddinni damee Tuurizimii Itiyoophiyaa yeroo ammaa kan osoo hin daangeffamin saffisaan mul'achaa jiru fi diinagdee biyyattii utubaa cimaa ta'ee itti jijjiiramaa jiru dha. Mootummaan falaasama Ida'amuu hordofuun tuurizimii akka utubaa dinagdee dam-daneessaa shanan keessaa tokko godhee xiyyeeffannoo addaa kenneera. Milkaa'ina fi guddina damee kanaan galmeeffamaa jiran qabxiilee gurguddoo ,Galii fi Yaa'insa Tuuristootaa dabaluu Tuuristoota Alaa: Waggaa baajataa dhiheenya kana xumurame keessatti daawwattoonni alaa miliyoona 1.4 ol Itiyoophiyaa daawwataniiru. Kunis waggoota darban waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu guddina olaanaa agarsiiseera. Galii Sharafa Alaa: Damee kanaan galiin sharafa alaa doolaara Ameerikaa biliyoona 5.2 ol akka argame Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsuun isaanii ni yaadatama. Tuurizimii Biyya Keessaa: Sosochiidhaan daawwattoonni biyya keessaa miliyoona 50 ol ta'an naannolee garaagaraa daawwachuun dinagdee naannoo kakaasaniiru. Carraa Hojii: Dameen Tuurizimii carraa hojii lammiilee hedduuf uumeera. #Ena-Afaan -Oromoo #Ena#
Saayinsii fi teeknooloojii
Appilikeeshinichi galmoota imala dijitaalaa Itiyoophiyaa bara 2030 dhugoomsuuf gumaacha ni taasisa - Injiinar Taakkalaa Uumaa
Sep 4, 2026 658
Hagayya 29/2018(ENA): Dhaabbanni Geejjiba Galaanaa fi Loojistiksii Itiyoophiyaa appilikeeshinii Diijitaalaa tajaajila isaa caalmaatti si’oomsu ifoomseera. Appilikeeshinichi maamiltoonni bakka jiranii tajaajila dhaabbatichaa kamiiyyuu akka argatan kan dandeessisu Appilikeeshinii Diijitaalaa haaraa ta’uutu ibsame. Eegaluun appilikeeshinii dijitaalaa kun galmoota imala dijitaalaa Itoophiyaa bara 2030 dhugoomsuuf milkaa’ina guddaa akka ta’e miseensi Boordii Geejjibaa fi Loojistikii Galaanaa Itiyoophiyaa fi hoji gaggeessaan Dhaabbata Aksiyoona Geejjibaa Baaburaa Itiyoo-Jibuutii Injinar Taakkalaa Uumaa himaniiru. Appilikeeshinichi guyyoota torbanii tajaajila sa’aatii 24 kennuuf dandeessisa jedhan. Teeknooloojiin misooma hunda galeessa biyyattii saffisiisuuf wantoota barbaachisaan keessaa ijoo Injinar Taakkalaa Uuman himaniiru. Badhaadhina Itiyoophiyaa dhugoomsuuf damee Loojistiksiif ulaa Galaanaa qabaachuun diqrama akka ta’e hubachiiniiru. Tajaajilli dijitaalaa ifoome kun, imala Diijitaal Itiyoophiyaa 2030 milkeessuuf tarkaanfii tokko ta’uu eeraniiru Tajaajila si’ataa, ammayyaa fi uwwisa tajaajilaa bal’isuun hanqinaalee turan furuu keessatti appilikeeshinii gahee olaanaa akka qabu ta’uu Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Dhaabbatichaa Injinar Abduulbar Shamsuun ibsaniiru. Hojiin teeknooloojii dijitaalaa cimsuu akka addunyaatti dorgomaa taasisuu fi tajaajila bu’a qabeessa ta’e akka kennu kan itti fufu ta’uus ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #Ena#
Tajaajilli Immigireeshinii fi Lammummaa sirna hojii isaa ammayyeessuun tajaajila saffisaa fi mijataa kennuu irratti argama -Obbo Tamasgeen Xurunaa
Sep 3, 2026 503
Hagayya 28/2018 (ENA) Tajaajilli Immigireeshinii fi Lammummaa sirna hojii isaa ammayyeessuun tajaajila saffisaa fi mijataa kennuu irratti kan argamu ta’uusa Ministirri Muummee Itti Aanaan Obbo Tamasgeen Xurunaa dubbatan. Ministirri Muummee Itti Aanaan Obbo Tamasgeen Xurunaa, Waajjira Muummee Tajaajila Immigireeshinii fi Lammummaatti argamuun hojiiwwan dhaabbatichaa daawwataniiru. Obbo Tamasgeen Xurunaa, daawwannaa isaaniin hojiiwwan maxxansa paaspoortii, tajaajila lammiilee biyyoota alaa fi kenniinsa tajaajila dhaabbatichaa waliigalaa daawwataniiru. Tajaajilli Immigireeshinii fi Lammummaa haaromsa addaa hojiirra oolchaa jiruun, sirna hojii isaa ammayyeessuun tajaajila saffisaa fi mijataa kennuu irratti argama. Humna namaa gahaa fi teeknooloojii fayyadamee of gurmeessuun, paaspoortii elektiroonikaa, viizaa, sanadoota imalaa, tajaajiloota lammiilee biyya alaa, akkasumas to’annoo daangaa lafaa fi qilleensaa dabalatee hojiiwwan hedduu bu’a qabeessummaan raawwachaa jira. Kunis, tajaajila saffisaa fi dhaqqabamaa lammiilee mirkaneessuu fi guddina biyyaalessaa itti fufsiisuuf mootummaan qajeeltoo Ida'amuu diriirsee hojiirra oolchu keessatti hiika addaa qaba.
Dijitaalli Itiyoophiyaa guddina dameelee hedduu dhufe irratti gumaacha olaanaa taasiseera
Sep 2, 2026 441
Hagayya 27/2018 (ENA): Hojiirra oolmaan Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa guddinaa fi milkaa’ina dameelee hedduu keessatti galmaa’eef gumaacha olaanaa akka qabu ogeeyyiin damee kanaa ibsaniiru. Itiyoophiyaan Raawwii Tarsiimoo Dijitaalaa bara 2025 milkaa’inaan xumuruun gara marsaa biraatti ce’uun Tarsiimoo Dijiitaalaa bara 2030 hojiirra oolchaa jirti. Hojiirra oolmaan tarsiimoo damichaan guddina olaanaa galmeessisuun hojiirra oolmaa fi haaromsa dijitaalaa dameelee adda addaa keessatti boqonnaa guddaa baneera. Dhimma kana irratti hayyoonni ENA waliin turtii taasias akka jedhanitti, hojiirra oolmaan Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa guddinaa fi milkaa’ina dameelee hedduu keessatti argameef gumaacha olaanaa taasiseera. Guddinni damichaa kallattiinis ta’e al-kallattiin hojii qabatamaa dameelee adda addaa keessattuu barnootaa fi fayyaa waliin kan walqabatu ta’uu hayyoonni kunneen eeruun, barnootaa fi fayyaa dabalatee dameewwan tajaajilaa adda addaa keessatti bu’aa qabatamaa ta’e fiduu danda'niiru jedhan. Yuunivarsiitii Dillaatti Daarektarri walitti hidhaminsa Industirii fi cehumsa Teeknooloojii Doktar Addisuu Faranjoo waggoota muraasa darban ijaarsa irraa kaasee hanga hojiirra oolmaa bu’uuraalee misoomaa dijitaalaa hojiin mootummaan hojjetee fi bu’aan argame dinqisiisaa ta’uu ibsaniiru. Faayidaa adda baasuun, tajaajilli dhaabbata tokkoo Ministeera Maallaqaa fi hojiiwwan qabatamaan kanaan walqabatan biroo lammiileen tajaajila saffisaa akka argataniifi malaammaltummaa akka ittisan taasiseera jedhan. Akkasumas leenjiin Itiyoo Koodarootaa dargaggoonni keessumaa dargaggoonni damee kanarratti beekumsa akka horataniifi dorgomtoota gahumsa qaban ta’uun carraa hojii akka uumuuf gargaareera jedhan. Akka biyyaattis tajaajiloonni masoob fi faayidaan hojiirra oolaa jiru bu'aa olaanaa galmeessisaa jira jedhan. Tajaajilli yunivarsiitichaa hedduun karaa dijitaalaa kan raawwatamaa jiru ta’uu eeruun, dandeettii kalaqaa dargaggoonni damee kanarratti qaban guddisuuf leenjiin gama bulchiinsa humna namaa fi roobootikii irratti kennamaa akka jiru hubachiisaniiru. Yunivarsiitichatti barsiistuu fi qorattuu saayinsii kompiitaraa fi itti gaafatamtuu damee Dijitaalaazaayizeeshinii Tajaajila Hawaasaa fi Pirojektoota Alaa kan ta’an Sennaayit Mootii, hojiirra oolmaa Dijitaalaa Itiyoophiyaa sirna faayinaansii, tajaajilaa fi dameewwan biroo keessatti dandeettiin uumame olaanaa ta’uu ibsaniiru. Sirni dijitaalaa kenniinsa tajaajilaa fi akkaataa jireenyaa ta’aa akka jiru, ergaa waljijjiiruu irraa kaasee hanga tajaajila kamiyyuu waraqaa malee kennuu fi fudhachuutti hojiin tajaajila kamiyyuu babal’achaa akka jiru hubachiisaniiru. Dhaabbileen barnoota olaanoo hubannoo hawaasaa damee kanaa guddisuun wiirtuu hojiirra oolmaa dijitaalaa damee kanarratti ta’uun Dijiitaalaa 2030 dhugoomsuuf hojjechaa jiraachuus hubachiisaniiru. Hojiirra oolmaan Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa bara 2025 damee dinagdee, hawaasummaa fi bulchiinsaa biyyattii keessatti jijjiirama bu’uuraa fi tarkaanfataa fiduun isaa ni beekama. #Ena Afaan Oromoo #Ena#
Ejensiin Geejjiba Oromiyaa leenjii ORO-Tikeetii irratti caasaa isaaf kenne
Sep 1, 2026 544
Hagayya 25/2018 (ENA) : Ejensiin Geejjiba Oromiyaa leenjii ORO-Tikeetii irratti caasaa isaa sadarkaan jiraniifi Waldaalee Geejjiba deddeebisa uummataaf kenneera. Itti Aanaa Hogganaa fi Itti Gaafatamaan Damee Mirkaneessa dhiyeessaa fi bobbii geejjibaa Obbo Dirribaa Magarsaa waltajjii kana irratti ORO- Tikeetiin konkolaataa sirnaan hogganuun tajaajilaa Geejjiba Naannicha ammayyeessuufi shoora olaanaa akka qabu kaasaniiru. Akkasumas Itti Aanaa Hogganaa fi Itti Gaafatamaan Damee Mirkaneessa Nageenya Tiraafikaa Obbo Lachiisaa Hayyuu waltajjii kana irratti yaada kanneen leenjii kana fudhattanii imaanaa mootummaa fi ummanni isaanitti kenne harcaatii tokko malee akka hojiirra oolchan dhaamaniiru. Obbo Lachiisaan tajaajila geejjibaa ammayyeessuun dhimma filannoo hin qabne ta'uu kaasuun ORO-Tikeetii hojiirra oolchuun to'annoo daandii fi buufata qulqullina qabu gaggeessuu, komii hawaasaa xiqqeessuu, Balaa Tiraafikaa hir'isuufi kan gargaaru ta'uu dubbataniiru. Hogganaan Ejensii Geejjiba Oromiyaa Obbo Kamaal Maammee Kallattii hojii kennaniin akka ibsanitti, Dameen geejjibaa seektara yeroo yeroon tajaajilli isaa ammaayyaa'aa deemu ta'uu dubbataniiru. Teekinoloojiin ORO-Tikeetii cabinsa sirna Tajaajila geejjibaa komii hawaasaaf sababa ta'e maqsuufi akka gahee qabu himaniiru. Hawaasni keenya tajaajila geejjibaa isaa malu akka argatu beekumsaan hoogganuun dirqama akka ta'e kaasaniiru. ORO-Tikeetiin seeran Alummaa Bobbii Geejjibaa wal qabatee mudatu hundeerraa jijjiiruufi shoora akka qabu kaasuun, qaamolee itti gaafatamummaa itti kenname sirnaan hin raawwanne irratti tarkaanfii Seeraa fi bulchiinssaa barsiisaa ta'e kan fudhatamaa jiruu fi kan fudhatamu ta'uu dubbataniiru. Xumura irratti Leenjii fudhatan kana Caasalee Geejjiba Sadarkaan jiranuuf akka kennanuu fi hojiirras akka oolchan cimsaanii dhaamanii jiru. kanamales Leenjiin kennamu,Teeknolojiin hojiirra oolfamu kamuu Tajaajila Geejjibaa Hawaasa keenya kennamuuf galmi isaa komii hawaasa keenya hir'isuu fi itti quufinsa tajaajila geejjibaa kennamu sirnaan mirkaneessuu akka ta'e keesumattuu Darbaa fe'uu,Taarifaa olkafalchiisuu fi alseerummaa Geejjiba keessatti mul'atan kamuu maqsuu akka ta'e hubachiisuun galma kana qabatanii akka hojiirra oolchan cimsanii dhaamaniiru.
Ispoortii
Tapha torbee sadaffaa Pirimeeyeer Liigii Ingilizii har'a gaggeeffamen Arsenaal yoo injifatu, Maanchister Yunaayitid qixa ba'e
Sep 7, 2026 154
Qaammee 1/ 2018(ENA) - Darbiin Landan 216ffaan olaantummaa Arsenaaliin xumuramun,Arsenaal galchii 2 fi 1'n Cheelsii injifateera. Kaayi Haavartiizii fi Maartiin Oodiigaardii galchiiwwan Arsenaal injifannoo goonfachiisan tokko tokko galchaniiru. Kanaanis Arsenaal piriimeer liigichaan taphoota 3 walitti aansuun injifateera. Moorgaan Roojarsi ammoo galchii tokkoottii Cheelsii injifatamuurraa hin oolchine galcheera. Liigichaan Cheelsiin ALA 2021 kaasee Arsenaal Injifate hin beeku. Liigichaan Tapha dursee gaggeeffamen Maanchister Yunaayitid Eevartoon waliin 2 qixa xumuraniiru. Biraan Mibeemoofi Beenjaamiin Sheeskoon galchii Yunaayitid yoo lakkoofsisan Taayirik Joorji fi Maatiilaand Naayiliis Eevartooniif goolii galchuun qixa bahaniira.
Piriimeer Liigii Ingilaandi Arsenaal Cheelsii keessummeessu haalaan eegama.
Sep 6, 2026 277
Qaammee 1/2018 (ENA): Piriimeer Liigii Ingilaandi Arsenaal Cheelsii keessummeessu haalaan eegama. Taphni Darbii Landan galgala sa'aatii 12:30 irratti Istaadiyeemii Emirates keessatti gaggeeffama. Arsenaal fi Cheelsiin garaagarummaa gooliitiin qabxii 6’n wal qixa, sadarkaa sadaffaa fi 4ffaa bahaniiru. Abbaan Dirree Arsenaal taphoota liigii lamaan irratti goolii 4 galchuun gooliin tokkollee isatti hin lakkaahamne. Kunis cimina garee kanaa, keessattuu ittisa isaa agarsiisa. Morkataan isaa Cheelsiin taphoota lama irratti goolii 7 kan lakkoofsise yoo ta'u, isaan keessaa shan isatti lakkaahamaniiru. Sochiin weeraraa Cheelsii gaarii ta'us, ittisa irratti dadhabina qaban sirreessuu qabu. Walmorkattoonni Landan lamaan liigii kanaan yeroo wal argan kun yeroo 69ffaadha. Taphoota 68 kanaan dura Arsenaal 28 yoo injifatu, Cheelsiin ammoo 20 injifateera.Taphoota 18 hafan qixaan xumuramaniiru. Arsenaal taphoota sanaan goolii 97 yoo galchu, Cheelsiin ammoo 85 galcheera. Arsenaal tapha liigii shanan darban keessaa sadii injifateera; kanneen hafan lama ammoo qixa ba'aniiru. Cheelsiin yeroo dhumaaf bara 2021 liigichaan Arsenaal injifate. Shaampiyoonaa liigii ammaa Arsenaal bara haaraa kana taphoota jalqabaa lamaan injifachuun haala gaariin duula isaanii eegalaniiru. Morkattoonni Cheelsiin jalqaba gaarii taasisaniiru, taphoota liigii isaanii lamaan injifachuun isaanii ni yaadatama. Kanaaf, taphi kilaboota Landan lamaan gidduutti taasifamu cimaa ta'a jedhamee eegama. Gaheessi Ganna 41 Kiriis Kaashaanaag tapha eegamaa kana Abbaa Mutree olaanaa ta’uun ni taphachiisu. Tapha biraatiin ammoo Evartan Istaadiyeemii Hiil Dikiinsan irratti Maanchistar Yunaayitid keessummeessa. Evartan taphoota lama irratti qabxii tokko qofa yoo qabaatu, morkataan isaa Maanchistar Yunaayitid ammoo qabxii sadii qaba. Torbee lammaffaa irratti Ipiswichi Town 5 fi 2’n injifate Maanchistar Yunaayitid walitti aansuun injifannoo isaa dheeressuuf kan taphatu ta'a.
Manchistar Siitiin Koventarii Siitii mo’achuun liigicha dursuu itti fufeera
Sep 5, 2026 414
Hagayya 30/2018 (ENA)- Sagantaa torban sadaffaa piriimar liigii Ingiliziin Manchistar Siitiin Koventarii Siitii 1 fi 0’n mo’ateera. Tapha Istaadiyeemii Itihaaditti gaggeeffameen Arliing Halaand daqiiqaa 26ffaatti gareesaaf galcheera. Taphataan sarara duraa umrii 26 waggaa dorgommii kanatti galchii sadii galcheera. Morkataan Manchisar Siitii Koventrarii Siitiin carraa galchii argate fayyadamuu hin dandeenye. Manchistar Siitiin qabxii sagal qabatee dursuu itti fufeera. Si’a sadii kan mo’ame Koventarii Siitiin qabxii malee sadarkaa 19ffaa qabatee sadarkaa gadii keessatti argama. Taphi darbii Manchistar Siitiin Manchistar Yunaayitid waliin torban afraffaatti taphatu hawwiin eegama. Koventarii Siitiin Biraayitan waliin ni taphata.
Niwukaastilii Yunaayitid fi Bornimawuz wal qixa bahan
Sep 5, 2026 312
Hagayya 30/2018 (ENA)- Tapha torbee sadaffaa Piriimer liigii Ingiliziin Niwukaastilii Yunaayitid Bornimawuz wal qixa bahaniiru. Tapha Istaadiyeemii Senti Jemsi Paarkitti gaggeeffameen Harvii Barinsi fi Jakob Ramseen Niwukaastiliif galchaniiru. Markes Tavarniiyer fi taphataan sarara ittisaa Niwukaastil Maliikji Tiiyawu galchiiwwan Bornimaauz gareesaarratti galchaniiru. Haala Kanaan Niwukaastil qabxii shaniin sadarkaa shanaffaa qabateera. Bornimaawuz qabxii lamaan sadarkaa 14ffaarratti argama. Gareen kun amma ammaatti tapha liigichaa tokkollee hin mo’anne.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Afriikaan jijjiirama haala qilleensaaf furmaata gama barbaaduutiin qooda adda durummaa bahachuu qabdi-Kilaver Gateetee
Sep 7, 2026 148
Qaam’ee 2/2018 (ENA)- Afriikaan marii fi furmaata jijjiirama haala qilleensaa addunyaa irratti hirmaannaa cimaa bahachuu akka qabdu hojii raawwachiisaa olaanaan komishinii dinagdee Afriikaa Kilaver Gateetee ibsan. Yaa’iin jijjiirama haala qilleensaa fi misoomaa Afriikaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira. Yaa’iin kun mata duree “roodmaappii abdiirraa gara gochaatti; Yebellem-Antaaliyaa-Finfinnee” jedhuun gaggeeffamaa jira. Hojii raawwachiisaa olaanaan komishinii dinagdee Afriikaa Kilaver Gateetee wayita kana akka jedhanitti, gumaachi Afriikaan gadhiisii kaarboonii idil addunyaaf gumaachitu dhibbantaa afur ta’us garuummoo rakkoo guddaa baattee jirti. Dhugaank un seenaa miidhama Afriikaa ta’ee itti fufuu akka hin qabne dubbatanii Afriikaan dandeettii humna haaromfamaa guddaa, qabeenya albuudaa humna namaa dargaggoo fi gabaa guddachaa dhufutti gargaaramuudhaan sadarkaa idil addunyaatti furmaatilee qiyyaasuudhaan qooda adda duree bahachuu akka qabdu ibsaniiru. Afriikaan galmoota haala qilleensaa A.L.A amma bara 2030tti qabaman hojiirra oolchuuf wagga waggaan doolaara biiliyoona 277 ishee barbaachisus kan argachaa jirtu dhibbantaa 11 qofa jedhan. Har’allee Afriikaanonni miiliyoona 600 ol ta’an tajaajila elektiriikii waan hin arganneef humna haaromfamaa babal’isuun bu’ura dinagdee ta’uu qaba jedhaniiru.
Ashaaraan magariisaa dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaa ittisuudhaan qooda ijoo gumaachaa jira – Gamtaa Afriikaa
Sep 5, 2026 493
Hagayya 30/2018 (ENA) – Sagantaan Ashaaraa magariisaa dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaa ittisuu fi lubbu qabeeyyiin akka eegaman qooda ijoo gumaachaa akka jiru Gamtaa Afriikaatti daarektarri naannawa itti fufiinsa qabuu fi dinagdee Biluu Harsan Niyaambee ibsan. Daarektarichi turtii ENA waliin taasisaniin,ashaaraan magariisaa qilleensa qulqulluu dabalatee faayidaalee eegumsa sirna dachee argamsiisuun olitti, gadhiisii kaarboonii hir’isuudhaan hoo’a qilleensaa dabalaa deemu hir’isuuf akka gargaaru dubbataniiru. Lafti dhiqamee fi haalli uumama lafaa naannawaa akka bayyanatu gochuun miidhaa jijjiirama haala qilleensaa ittisuuf tattaaffii taasifamaa jiru keessatti qooda ijoo bahachaa akka jiru dubbataniiru. Walumaa gala ashaaraan magariisaa faayidaalee hunda galeessa hedduu kan qabu inisheetiivii biyyaalessaa ta’uu kaasaniiru. Biyyoonni Afriikaa jijjiirama haala qilleensaa ittisuurratti muuxannoo wal jijjiiruu akka qaban daarektarichi ibsanii; gama Kanaan rakkoolee eegumsa naannoorratti isaan mudatuuf furmaata kaa’uuf Itiyoophiyaarraa muuxannoo fudhachuu akka danda’an ibsaniiru. Itiyoophiyaanis muuxannoo mulkaa’aa kana biyyoota Afriikaa biroof qooduudhaan qooda adda durummaa bahachuu akka qabdu daarektarichi kaasaniiru.
Guyyoota kurnan dhufan keessatti naannolee biyyattii tokko tokkoo keessatti hamma rooba giddugaleessaa hanga cimaa ni argatu
Sep 3, 2026 480
Hagayya 27/2018 (ENA) — Guyyoota kurnan dhufan keessatti naannoleen dhihaa, kaaba-dhihaa, kibba-dhihaa fi giddugaleessa biyyattii hamma rooba giddugaleessaa irraa kaasee hanga rooba cimaatti argachuu akka danda’an Inistiitiyuutiin Meetirooloojii Itoophiyaa beeksise. Inistiitiyuutichi Ibsa ENAf ergeen akka beeksiisetti, guyyoota kurnan dhufan keessatti naannoleen dhihaa, kaaba-dhihaa, kibba-dhihaa fi giddugaleessa biyyattii rooba giddugaleessaa hanga cimaa ta’e ni argatu. Godinoonni Shawaa hundi, akkasumas Anyuwaak, Kafaa, Oomoo Dhihaa, Guraagee, Finfinnee fi Dirree Dhawaa, akkasumas godinoonni Tigiraay Dhihaa, Tigraay Kaaba-Dhihaa, Tigraay Giddugaleessaa, Tigraay Bahaa fi Tigraay Kibbaa, fi godinoonni Sidaamaa baay’een rooba salphaa hanga giddugaleessaa ta’e ni argatu. Naannolee baha, kaaba-bahaa fi giddugaleessa Itoophiyaa keessatti roobni hir’achaa kan deemu yoo ta’u, naannolee kibbaa fi kibba-bahaa biyyattii keessatti garuu faca'insi roobaa fi hamma isaatiin, kan duraa caalaa fooyya’aa ta’e ni argatu. Kanaaf, guyyoota kurnan dhufan keessatti naannolee adda addaatti roobni garaagarummaa qabaachuu waan danda’uuf, qonnaan bultoonnii fi jiraattonni odeeffannoo haala qilleensaa yeroo yerootti hordofuun barbaachisaadha. Inistiitiyuutichi, hawaasni naannolee rooba gannaa irraa fayyadaman, kanneen jiidhina salphaa, giddugaleessaa fi cimaa argatan, akkasumas naannolee qonnaa midhaanii, horsiisa bulaa fi gariin horsiisa bulaa keessatti argaman, haala qilleensaa kana hojii qonnaa isaaniif akka itti fayyadaman hubachiiseera. Kana malees, naannolee rooba giddugaleessaa fi cimaa argatan keessatti, lafa qonnaa gadi-bu’aa a irratti bo’oo bishaanii fi bo’oo dhangala’aa cufaman bananii hojii irra akka oolan gochuu, dhukkuba midhaanii fi aramaa dursee ittisuu, akkasumas lafa irraa biyyoo akka hin dhiqamneef tarkaanfiiwwan barbaachisan fudhachuu akka qaban hubachiiseera. Qonnaan bultoonnis yeroo yerootti daawwannaa maasii gochuun of-eeggannoo barbaachisaa akka taasisan gorsaniiru. Naannolee jiidhina salphaa hanga giddugaleessaa argatan keessatti immoo, jiidhina argamu sirnaan fayyadamuun, bishaan roobaa walitti qabuun yeroo bonaa itti fayyadamuun, bishaan lafa keessaa hurkaa’uu hir’isuuf hojiiwwan barbaachisan raawwachuun, akkasumas marga beeyiladaa sirnaan kunuunsuu fi tiksuu akka barbaachisu ibsameera. Inistiitiyuutichi dabalataan, haalli qilleensaa guyyoota kurnan walitti aanan itti fufu kun, laggeen fi bishaanota naannolee rooba gannaa irraa fayyadaman keessatti, dhangala’aan bishaanii lafa irra yaa’u hamma xiqqaa irraa kaasee hanga guddaatti uumamuu akka danda’u ibseera.
Misooma koriidaraa fayyadamummaa Lammiilee mirkaneessaa jiru
Aug 25, 2026 866
Magaalaa fi baadiyyaatti magaalota ammayyaa jireenya dhala namaaf mijataa ta’an, addunyaa yeroo ammaa madaalaan ijaaraa jirra jedhani Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad gaafa Misooma koriidaraa jalqabsiisan. Jireenya lammiilee jijjiiruuf misoomni Koriidarii daraan murteessaa ta’uu himanii gara hojiitti gaafa galamu hawaasni tokko tokko misooma kanarratti shakkii akka qabu eeruun,garuu erga misoomni koriidaraa jalqabamee naannoon miidhagaa taatee immoo hawaasni naannookeenyahoo misoomni koriidaraa maaf hanqate jechuun yeroon itti gaafatan dhiyoodha akkuma jedhanii ture uummanni misoomni koriidaraa naannoo isaa ykn magaalaa isaa hin geenye akka gahu gaafachaa jira. Kunis miidhagina magaalattii ykn baadiyichaa bakki misooma koriidaraa qaqqabe fayyadamummaa hawaasaa hedduutu hojiirra oola waan ta’eef lammiileen kanaan dura misooma kana irraa amantaa guutuu hin qabnellee itti amanee naannoo ofii miidhagfachuuf kutannoon ka’uu agarsiisaniiru. Misoomni koriidaraa jiruufi jireenya hawaasaa fooyyessuuf akka hojjetamus ibsameera. Kaayyoo Misooma Koriidaraa • Bu'uuraalee misoomaa ammayyeessuu • Bifaa fi miidhagina magaalotaa fi baadiyaa jijjiiruun hawwata turistii ta’uu • Tajaajila hawaasaa fooyyessuu • Dhiphina Tiraafikaa hir’isuun lubbuu lammiilee balaa Tiraafikaan gahuufi qabeenya barbadaa’u salphisuu danda’eera Seenaa hundeeffama Magaalota biyya keenyaa keessatti magaalonnii amala magaalaa ammayyaatiin kan hundeeffaman osoo hin taane akkuma barbaadametti ijaarsa gamoofi daangaa babal'ifannaa lafaa qofaaf kan hundeeffamaniifi qonnaan bulaa lafa isaa irraa buqqisuun magaalaa keessaa qarqaratti baasuun kan hunda'anidha. Magaalummaan Gamoo ijaaruufi babal'ifannaa lafaatiin osoo hin taane, fayyadamummaa hawaasa naannichaa mirkaneessuun aadaa, duudhaafi safuu uummatichaa qabatee guddachuu barbaachisa. Magaalaan jireenyaaf mijataadha, hawwataadha kan jedhamu magariisummaa, miidhagummaafi fedhii dhala namaa giddugaleessa godhateefi giddu gala saayinsiif teknoloojii, kalaqaa ta'uun roga hundaan yoo guddatedha. Addunyaa irratti magaalonni ammayyaa ta'an aadaa, duudhaafi safuu uummatichaa osoo hin gatiin guddina saayinsiifi teknoloojiin deeggaramuun kan guddatanidha. Magaalaan magaalonni biyya keenyaas yaadamaa magaalummaa hawaasa giddugala godhachuun kan ijaaramaa jiranidha. Kanaan dura magaalonni kunniin pilaaniin waan hin deeggaramneef amma immoo misooma koriidaraan magaalota ammayyeessuun kan jalqabame bubbuleera. Magaalaa ammayyaa’aa fi giddugala misooma hunda-galeessaa taasisuun guddina dinagdee, hawaasumma, siyaasaa fi aadaa uummatichaa utubuu keessatti hojiin misoomaa koriidarii murteessaadha. Misoomni Koriidarii haala guddina dinagdee fi qulqullina misoomaa Magaalaa biyya keenya madaaluun kaka’umsa ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin kan jalqabame yeroo ammaa bu’aa olaanaa fi jaalatamummaa guddaa argachaa jira. Hojiin Misooma Koriidarii misoomaa ammayyaa, hawwataa fi dorgomaa ta’e magaalichaatti diriirsuun ummata Magaalichaa bu’uuraalee misoomaan walitti hidhuun guddinaafi fayyadamummaa waloo mirkaneessuu, lammiileef carraa hojii uumuun ce’umsa beekumsaa fi teeknolojii magaalichaa keessatti kan fidudha. Magaalonni biyya keenyaa sadarkaa idil addunyaa isaanii eeggatanii akka ijaaramaniif misoomni koriidaraa shoora olaanaa bahachaa jira. Misoomni koriidaraa ka’umsa isaa magaalaa Finfinnee kan taasifate yoo ta’u, yeroo ammaa magaalaa fi maadiyaa kutaalee adda addaa qaqqabaa jira. Lammiileen misoomni koriidaraa isaan qaqqabes gammachuu isaanii ibsachaa warreen hafanis akka argatan hawwuufii jalqabani, fayyadamummaa isaa waan hubataniif. Magaalota naannoo Oromiyaa fi naannoolee biroottis misoomni koriidaraa hojjetame abdii guddaa biyyaaf ta’aa jiraachuu agarsiiftuuwwan hedduutu jiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Gabaasa addaa
Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti - Itti aanaa Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa
Jun 9, 2026 18112
Waxabajji 2 /2018 (ENA): Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti jedhani itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan muummee ministiraa Pirojektoota misoomaa adda addaa magaalaa Woldiyaatti ijaaraman eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Yeroo eebba kanaatti pirojektoonni misoomaa eebbifaman imala biyyattiin gara fuulduraatti taasiftu kan agarsiisan yoo ta’u, guddinni Itiyoophiyaa eenyullee dhaabuu akka hin dandeenye kuni ragaadha jedhan. Itti aanaan ministira muummee kun ummanni magaalaa Woldiyaa finxaaleyyii fi qoqqoodinsa mormuudhaan kan beekamu ta’uu ibsuun, filannoon isaanii irra deddeebiin nagaa fi mootummaa cimaa ta’uu isaa kan argisiisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan baandota irratti qabsaa’aa jira jedhani. Waggoota 50 fi 60 darbaniif warri yaada dulloomaatiin qabaman guddina ariifataa biyyattii hubachuu akka hin dandeenyes ibsaniiru. Warri bosona keessa jiran jijjiirama guddaa biyyatti dhufe kan akka misooma koridarii, maaddii guutuu, pirojektoota misoomaa fi oomisha qamadii arguu akka hin dandeenye dubbataniiru. Misoomni koridarii magaalota keessatti gaggeeffamaa jiru dhimma bareedinaa qofa osoo hin taane magaalota ammayyeessuun sadarkaa jireenyaa ummataa ol kaasuuf kaayyoo ta’uu ibsaniiru. Magaalonni Itiyoophiyaa magaalota Baha Afriikaa fi addunyaa waliin dorgomuu akka qaban ibsaniiru; akkasumas tajaajila ammayyeessuuf tajaajilli giddugala tokkoo guutuu biyyattiitti babal’achaa akka jiru hubachiisaniiru. Manneen kitaabaa ummataa, manneen kitaabaa dijitaalaa fi kaffeewwan saayinsii magaalaa Woldiyaatti ijaaraman odeeffannoo guyyaa guyyaa irraa gara beekumsaa fi qorannoo gadi fagootti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan, abbootii qabeenyaa fi ummanni pirojektoota misoomaa eegalaman gara baadiyyaatti babal’isuun badhaadhina biyyattii dhugoomsuuf waliin hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 17006
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.