ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Pirojektoota misoomaa naannichatti galmaa'an daran cimsuuf mootummaa cinaa dhaabbachuun gahee keenya ni baana - Jiraattota Magaalaa Jigjigaa
Dec 14, 2025 71
Mudde 5/2018(TOI)- Pirojektoota misoomaa naannichatti galmaa'an daran cimsuuf mootummaa cinaa dhaabbachuun gahee keenya ni baana jedhan jiraattonni Magaalaa Jigjigaa. Waltajjiin marii hawaasaa mata duree “labsiiwwan Gubaa, injifannoo mootummaa Ida’amuu” jedhuun magaalaa Jigjigaatti gaggeeffameera. Jiraattonni magaalaa Jigjigaafi naannawaa ishee irratti hirmaataniru. Hirmaattota kanneen keessaa yaada kan kennan Chiif Aqiil Ahimad Huseen, waggoottan darban bu’aawwan misooma hedduu milkaa’an argineerra jedhani. Gara fuula duraattis hojiin misoomaa akka itti fufaniif deeggarsa keenya itti fufna jedhaniiru. Hirmaataan kan biraan obbo Umar Hasan Hirsi akka jedhanitti hojiileen naannichatti hojjetaman kan galateeffman ta’uu ibsaniiru. Hojiileen hanga ammaatti hojjetaman kan galateeffataman ta’uu eeruun gara fuula duraatti mootummaan bishaan dhugaatii irratti akka hojjetu gaafataniiru. Angafni Lubaa Iyyoob Wondimmuu akka jedhanitti, uummanni piroojektoota misoomaa hedduu naannichatti hojjetamaa turan, nagaa eeguu irraa eegalee deeggaraa turaniiru. Hojiileen misoomaa eegalaman jajjabeessoofi abdii kan namatti horan ta’uu eeruun mootummaan gara fuula duraatti ibsaa daandii magaalaa irratti osoo xiyyeefatees yaada kaasaniiru. Hirmaataa waltajjichaa kan ta’an Luul Sheek Abdii mootummaan hojii kalaqaa irratti xiyyeeffannoo inni kenne cimee itti fufuu qaba jedhani. Waltajjicha kana kan dursuun gaggeessan, Miseensa Hojii Raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa fi Hogganaan Mootummaa Naannoo Kibba Itiyoophiyaa obbo Xilahuun Kabbadaa yoo ta’an, mootummaan ida’amuu dandeettii gama hundaan jiru adda baasuun misoomsuun fayyadamummaa ummataatiif hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Qamadii biyya alaatii galchuu dhaabuu danda’uu akka fakkeenyaatti hojii waggoota jijjiiramaa keessatti hojjetamaa ture ta’uu eruun, damee hundaan badhaadhina mirkaneessuuf hojiin hojjetamaa jira jedhan. Naannoon Somaalee naannoo qabeenya uumamaan badhaate eeruun, mootummaan misooma hunda galeessa naannichaaf xiyyeeffannoo addaa kennaa akka jirus ibsaniiru. Bulchiinsa Magaalaa Jigjigaatti gaaffilee ummanni kaasan ,bishaan, daandii keessoo, fi ibsaa ilaalchisee ka’eef deebiin ni kennama jedhan. Itti Aantuun Af-yaa’ii Gumii Biyyaalessaa Hararii Aadde Amiinna Abdulkariim akka jedhanitti, mootummaan badhaadhina hunda hammate gama hundaan mirkaneessuuf tattaaffii taasisaa jiru keessatti bu’aa fakkeenyummaa qabu galmaan ga’uu ibsaniiru. Milkaa'ina argame itti fufsiisuuf ummanni mootummaa cinaa dhaabbachuun deeggarsa barbaachisu taasisuu akka qabus cimsanii dubbataniiru. Itti gaafatamaan Waajjira Paartii Damee Naannoo Somaalee Injiinar Mohaammad Shaalee akka jedhanitti, mootummaan naannichaa pirojektoota Magaalaa Jigjigaatti eegalaman daran misoomsuun magaalattii wiirtuu daldalaa taasisuuf ciminaan hojjechaa jira.
Hojiileen misoomaa waggoota jijjiiramaa keessatti hojjetaman uummata biyyattii fayyadamoo kan taasisaniifi badhaadhina biyyattii kan dhugoomsan gumaachaniiru – Jiraattota
Dec 14, 2025 49
Mudde 5/2018(TOI)- Hojiileen misoomaa waggoota jijjiiramaa keessatti hojjetaman uummata biyyattii fayyadamoo kan taasisaniifi badhaadhina biyyattii kan dhugoomsan gumaachaniiru jedhan jiraattonni magaalaa Boongaafi naannawaa ishee. Waltajjiin marii hawaasaa mata duree “labsiiwwan Gubaa, injifannoo mootummaa Ida’amuu” jedhuun gaggeeffameera. Waltajjii marii kana irratti Magaalaa Boongaafi naannwaa ishee irraa kan walitti babba’an kan irratti hirmaatan yoo ta’u, bu’aawwan misoomaa argamaniifi gara fuula duraattis hojiilee xiyeeffannoo barbaadan irratti yaada isaanii kennuun irratti mari’ataniiru. Hirmaattota keessaa jiraattuu magaalaa Boongaa kan ta’an aadde Abbaaynash Kabbadaa akka jedhanitti,Paartiin Badhaadhinaa paartii hirmaachisaafi kan uummataa ta’uu eeruun,gaaffii bara dheeraa deebii osoo hin argatiin ture gaaffii ofiin of bulchuu deebii laachuun qabatamaan kan agarsiise dha. Kana malees bu’aawwan misoomaa hedduu argineerra jedhan. Ijaarsi mana barumsaa bultii, kan waggoota dheeraaf harkifate hojiitti galamuu, buufata xiyyaaraa, hojiin uummata irratti xiyyeeffate namoota rakkoof saaxilamoo deeggaruuf hojjetamaa jiru, Maaddiin Guutuu fi hojiiwwan biroo jajjabeessaa ta’uu ibsaniiru. Jiraataa magaalaa Boongaa kan ta’an obbo Alamaayyoo Kabbadaan gama isaaniin, mootummaan jijjiiramaa uummata fayyadamoo taasisuufi badhaadhina biyyaa mirkaneessu hojjechaa jira jedhaniiru. Inisheetiviiwwan akka biyyaatti hojjetamaa jiran uummata naannichaa fi magaalichaa fayyadamoo taasisuusaa hubachiisuudhaan, bu’aa misooma koridaraa fi Sagantaa Ashaaraa Magariisaatiin argame ibsaniiru. Dhiibbaa qaala’insa jireenyaa hir’isuuf tattaaffiin taasifamaa jiraatus daballii gatii magaalattii keessatti mul’atee fi kenniinsa tajaajilaa fi hojmaata malaammaltummaa dhaabbilee adda addaa keessatti mul’atu sirreessuuf hojiin cimaan hojjetamuu qaba jedhaniiru. Waggoota jijjiiramaa darban keessatti milkaa’inni misoomaa Itiyoophiyaa qofaaf osoo hin taane Afrikaafis fakkeenyummaa kan ta’e hedduun galmaa’uusaa yaada kennan obbo Ayyaalaa Wolde Gabri’eel hubachiisaniiru. Uummanni Kafaa nagaaf iddoo guddaa akka kennu, gara fuulduraattis akkasuma akka itti fufu cimsanii kan ibsan yoo ta’u, hawaasni sadarkaa biyyaatti nageenyaaf dursa kennuu akka qabu ibsaniiru. Waltajjii marii kana dursuun kan gaggeessan Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataattii Bakka Bu’aa Mootummaa Ol’aanaa Ministira doktar Tasfaayee Baljigee yoo ta’an, mootummaan dhimmoota misoomaa fi bulchiinsa gaarii naannicha keessatti yeroo dheeraaf mul’atan furuu ibsaniiru. Waggoota jijjiiramaa darban keessatti piroojektoonni misoomaa hedduun naannichatti dameewwan turizimii, qonnaa, albuudaa fi kanneen birootiin hojjetamaa akka turanis hubachiisaniiru. Akka biyya tokkootti tokkummaan yoo dhaabbannee fi tokkummaan yoo hojjenne galma barbaannu ga’uu dandeenya jedhaniiru. Itti gaafatamaan paartii Badhaadhinaa damee naannichaa obbo Fiqiree Amaan gamasaaniitiin dhimmoonni misoomaa hawaasni waggoota darban keessa kaasan akka furmaata argataniifi deebii akka argatan hordoffiifi deeggarsi cimaan taasifamaa jiraachuu ibsaniiru. Gaaffiileen hawaasaas sadarkaa sadarkaan deebii akka argatan hubchiisaniiru. Qindeessaan Kilaastara Hawaasummaa Naannoo Oromiyaa sadarkaa itti aanaa Bulchaa obbo Saadaat Nashaa, erga jijjiiramni dhufee as hirmaannaa bal’aa mootummaa fi uummataatiin bu’aaleen hedduun galmaa’uu hubachiisaniiru.
Xiyyeeffannaan misooma qulqullina bunaafi gabaa bunaaf taasifame, oomishtoota bunaa fayyadamoo taasisuun galii sharafa alaa biyyattiis dabalaa jira.
Dec 14, 2025 49
Mudde 5/2018(TOI)- Xiyyeeffannaan misooma qulqullina bunaafi gabaa bunaaf taasifame, oomishtoota bunaa fayyadamoo taasisuun galii sharafa alaa biyyattiis dabalaa jiraachuu Abbaan Taayitaa Bunaafi Shaayee Itiyoophiyaa ibse. Giddugalli Dhandhamaa Bunaa Godina Gujii aanaa Adoolaa Waayyuu, ganda Birbirsaa Biluutti hundeeffame bakka hoggantoonni olaanoo Godinaalee, Federaalaa fi naannoo Oromiyaa argamanitti eebbifameera. Saganticha irratti kan argaman Daariktarri Olaanaa Abbaa Taayitaa Bunaa fi Shaayii Itiyoophiyaa doktar Addunyaa Dabalaa akka jedhanitti, mootummaan waggoota darban keessatti misooma bunaa, qulqullinaa fi gabaa bunaa irratti xiyyeeffachuun isaa oomishtoota fayyadamoo taasisuu fi galii sharafa alaa biyyattiis dabaleera. Keessumattuu gosoota biqiltuu bunaa fooyya’aa ta’an akka biyyaatti fayyadamuun oomishaafi oomishtummaa bunaa guddisuuf hojiin itti fufinsa qabu hojjetamaa turuu ibsaniiru. Qulqullina oomisha bunaa guddisuuf hojiin hubannoo uumuu qonnaan bultoota, daldaltootaa fi qooda fudhattoota hirmaachise gama hundaan gaggeeffamuu eeraniiru. Haaluma kanaan, bara darbe oomishni bunaa gabaa biyya keessaafi al-ergiitiif oolu dabaluu isaa eeruun, bara kanas oomishni fooyya’aan akka eegamu ibsaniiru. Naannoon Oromiyaa naannoo oomishni bunaa bal’inaan oomishamu ta’uu eeruun, keessumaa bunni Gujii dhamdhama mi’aa fi qulqullina uumamaa isaatiin gabaa addunyaa irratti baay’ee jaallatamaa dhufuu himaniiru. Giddugalli dhandhamaa bunaa aanicha keessatti eebbifamee tajaajilaaf dhiyaate buna naannoo sanatti oomishamu haala qulqullina isaa eeggateen gabaaf akka dhiyaatu gochuu keessatti iddoo guddaa akka qabus eeraniiru. Hogganaan Biiroo Qonnaa Naannoo Oromiyaa obbo Geetuu Gammachuu akka jedhanitti, oomishtummaa bunaa guddisuu fi qulqullina bunaa eegsisuuf tattaaffiin taasifamaa jiru bu’a qabeessa ta’aa jira. Giddugalli dhandhamaa bunaa kun oomisha qulqullinaa fi sadarkaa isaa eeggate naannichaa irraa gabaa biyya keessaa fi alaatti dhiyeessuuf gargaarsa guddaa akka taasisus beeksisaniiru. Bulchaan Godina Gujii obbo Nagaash Bullaallaaa gamasaaniitiin bara darbe oomishni bunaa godinichaa toonii kuma 70 ol gabaa giddu galeessaaf dhiyaachuusaa yaadachiisaniiru. Bara baajataa kanatti oomisha bunaa toonii kuma 120 ol godinicharraa gabaa giddu galeessaaf dhiyeessuuf karoorfamuu eeraniiruun, qonnaan bultoonni godinichaa kuma 160 ol misooma bunaa irratti hirmaachaa fi fayyadamoo ta’uu, akkasumas lafti bal’aan bunaan misoomuu danda’u, heektaara kuma 473 ol uwwisu akka jiru eeraniiru. Giddugalli Qulqullinaa fi dhamdhama Bunaa godinicha keessatti hundeeffame oomishtoonni cimanii akka hojjetan kan kakaasu ta’uu ibsaniiru. Godinichatti qonnaan bulaa oomisha bunaa irratti bobba’an obbo Taarikuu Maramii jiraataa aanaa Adoolaa Reeddee ganda Anfeeraaraa irraa akka jedhanitti, giddugalichi buna qulqullina fooyya’aa qabu akka oomishan ni jajjabeessa.
Wixineen imaammatichaa dorgomtummaa damee aartii kan guddisudha- Gargaaraa Piroofeesaraa Nabiyyuu Baayyee
Dec 14, 2025 35
Mudde 5/2018(TIO) – Wixineen imaammata indaastirii aartii fi kalaqaa, damee aartii bu’a qabeessa ta’een bulchuu fi dorgomtummaan isaa akka guddatu taasisa jedhan Deetaan Ministira Aadaa fi Ispoortii Gargaaraan Piroofeesaraa Nabiyyuu Baayyee. Ministeerri Aadaa fi Ispoortii wixinee imaammataa fi bu’uuraalee seeraa biroo Indaastiriiwwan Aartii fi Uumamaa, akkasumas qajeelfama mirkanaa’e irratti ogeeyyii fi qooda fudhattoota damee dhimmi ilaallatu waliin mari’achaa jira. Gargaaraan Piroofeesaraa Nabiyyuu Baayyeen ogummaan bifa aadaafi ammayyaa akka qabu ibsaniiru. Akkasumas, faayidaa xiinsammuu, hawaasummaa fi biyyaalessaa akka qabus eeruun, Itiyoophiyaatti hojiiwwan aartii hedduun hojjetamanis, imaammanni damee kana qajeelchu akka hin jirre hubachiisaniiru. Ji’oota sadan darban keessa wixineen imaammata indaastiriiwwan aartii fi kalaqaa qophaa’ee, hayyoota, qooda fudhattootaa fi ogeeyyii indaastirichaa hirmaachise qophaa’uu hubachiisaniiru. Wixineen imaammataa kun dorgomtummaa damee aartii akka dabalu, qooda fudhattoota damichaaf beekamtii kan kennu, guddina damichaa kan qajeelchu ta’uu ibsaniiru. Wixineen imaammataa kun galteewwan adda addaa erga sassaabamaniin booda qaama dhimmi ilaallatuun kan ragga’u ta’uu akeekaniiru. Waltajjii marii kana irratti Daarektarri Olaanaa Kuusaa fi Mana Kitaabaa Itiyoophiyaa Tsartsahaa Fireesibhaat, ogeeyyiin olaanoo aartii, fi itti gaafatamtoonni Biiroo Aadaa fi Ispoortii Naannichaa argamaniiru.
Gurmaa’insi dargaggootaa tola ooltummaan dhiiga arjoomuu bira darbee, hirmaannaa hubannoo hawaasaa guddisuu keessatti qaban cimsuu qabu
Dec 14, 2025 60
Mudde 5/2018(TOI)- Gurmaa’insi dargaggootaa tola ooltummaan dhiiga arjoomuu bira darbee, hirmaannaa hubannoo hawaasaa guddisuu keessatti qaban cimsuu akka qaban Tajaajilli Dhiigaa fi Tishuu Itiyoophiyaa ibse. Tajaajilichi Waldaa Arjoomtoota Dhiiga Biyyaalessaa Itiyoophiyaa waliin waltajjii marii Adaamaatti gaggeesse, adeemsa sassaabbii dhiigaa ji’oota shanan darban keessatti raawwatamee fi karoora sassaabbii dhiigaa ji’oota bonaa dhufan irratti mari’ateera. Akka daariktarri olaanaa tajaajila kanaa Dr. Ashannaafii Taazzabaa jedhanitti, bara baajataa kana keessatti barattoota, dhaabbilee amantaa fi dargaggoota tola ooltota dabalatee qooda fudhattoota biroo waliin ta’uun dhiiga yuunitii kuma 550 walitti qabuuf qindoominaan hojjechaa jira. Aadaa arjooma dhiigaa hawaasa keessatti dagaagsuun, ji’oota shanan darban keessatti dhaabbilee fi manneen barnootaa, gurmaa’insa dargaggootaa fi dubartootaa hirmaachisuun dhiiga yuunitii kuma 202 walitti qabamuusaa ibsaniiru. Gurmaa’insi dargaggootaa tola ooltummaan dhiiga arjoomuu bira darbee, hirmaannaa hubannoo hawaasaa guddisuu keessatti qaban cimsuu akka qabus dhaamaniiru. Tajaajilichi caasaa gurmaa’insaa fayyadamuun magaalota Jimmaa fi Jigjigaa dabalatee magaalota biroo keessattis arjoomtoota dhiigaa dhaabbataa uumuu danda’eera. Dargaggoonni kunneen sochii namoonni kaan fedhii isaaniitiin dhiiga akka arjooman jajjabeessuu irratti hirmaachuun lubbuu baraaruu akka qaban gaafataniiru. Itti aanaa Hogganaa Biiroo Eegumsa Fayyaa Magaalaa Finfinnee doktar Mulugeetaa Indaalaa akka jedhanitti, dhaabbileen fayyaa magaalichaa qooda fudhattoota waliin ta'uun fedhii dhiigaa guutuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Kunis lakkoofsi haadholii fi lammiilee sababa dhiiga dhabuun lubbuu dhabanii gara zeerootti gadi buusuun akka danda’ame taasiseera jedhan. Qindeessaan Waldaa Arjoomtoota Dhiiga Biyyoolessaa Dargaggoota Itiyoophiyaa Dargaggoo Nabiyyuu Museemaa gama isaaniitiin waldichi miseensota isaa qindeessuun lubbuu lammiilee hanqina dhiigaatiin du’aa jiran baraaruuf, dhiiga walitti qabuun, hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Waldaan kun ji’a sadiitti dhaabbataan dhiiga walitti qabuun alattis, hawaasaaf hubannoo uumuu fi dhiiga akka arjooman jajjabeessuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Siyaasa
Godinaalee wallaggaatti nageenya cimsuun fayyadamummaa misoomaa lammiilee mirkaneessuuf tattaaffiiwwan taassifaman bu’aa qabatamaa fidaniiru.
Dec 13, 2025 245
Mudde 4/2018 (TOI)- Godinaalee wallaggaatti nageenya cimsuun fayyadamummaa misoomaa lammiilee mirkaneessuuf tattaaffiiwwan taassifaman bu’aa qabatamaa fidaniiru jechuun jiraattonni Magaalaa Naqamtee fi Godinalee wallagga lixaa dubbatan. Matad uree “ Labsiiwwan Guubaa bu’aawwan mootummaa Ida’amuu” jedhuun Mariin hawaasaa Jiraattota Magaalaa Naqamtee fi Godina wallagga bahaa hirmaachise gaggeeffameera. Marii Hawaasaa kanarratti Bulchaan naannoo Beniishaangul Gumuz Obbo Ashaadilii Hasan, Ministirri nageenyaa Mahaammad Idiriis, sadarkaa Itti Aanaa Pirezidaantii Naannoo Oromiyaatti qindeessaa kilaastara misooma Magaalaa Obbo Masfin Malaakuu fi hoggantoonni Godinaalee, Aanaalee fi Bulchinsota magaalaa argamaniiru. Hirmaattota Waltajjichaa kan ta’an jiraattonni magaalaa naqamtee fi naannooshee yaada kennaniin , mootummaan jijjiiramaa xiyyeeffannoo naannichaaf kenneen nageenya cimsuuu fi hojii misoomaa raawwachuuf haalli mijataan uumameera jedhaniiru. Hirmaattota marichaa keessaa Jiraataa Magaala Naqamtee fi jaarsa biyyaa Sheeh Naasir Nuuruu akka ibsanitti, godinichatti waggoottan darban rakkoon nageenyaa mudatee ture dhabamee, hojiin misoomaa hojjetamaa jira jedhaniiru. Kanaanis pirojektoota gurguddoo dabalatee misoomni hawaasummaa fi Diinagdee hedduun raawwatamaa waan jiruuf mootummaan galateeffamuu qaba jedhaniiru. Hojiiwwan misoomaa magaalichaaf carra gaarii fidan kanneen akka buufata Xiyyaara, ijaarsa daandii konkolaataa Naqamtee-Buree, misoomni koriidaraa, suphaa Daandii Naqamtee-Amboo, waarshaa industirii qindeessa qonnaa akka fakkeenyaatti kan kaasan sheeh Naasir nageenya uumameen misoomichi hirmaannaa keenyaan itti fufa jedhaniiru. Jiraataan Aanaa Giddaa Ayyaanaa Damissoo Geetaachoo, hojiiwwan misoomaa naannichatti eegalaman itti fufinsa akka qabaataniif akka jiraataatti deeggarsa taassisan cimsanii akka ittifufan ibasaniiru. Dabalataanis Jiraataan Aanaa Eebantuu aanichi qabeenya dilbii qabu gara qabeenyatti jijjiiruun fayyadamummaa hawaasaaf oolchuu qaba jechuun obbo Fiqaaduu Taammiruu ibsaniiru. Akkasuma jiraattuun aanaa Biilaa Aadde Shubbituu Galaan bu’uuralee misoomaa daandii dabalatee hojiiwwan misoomaa biroon akkaa hojjetamaniif nageenya naannoo keenyaa cimsinee eegganna jedhaniiru. Waltajjii marichaa kan gaggeessan Bulchaan Naannoo Beniishaangul Obbo Ashaadilii Hasan, Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad labsiiwwan Guubaatti ifoomsan kan milkaa’an hirmaanna qindaa’aa hawaasaan ta’uu ibsaniiru. Waggoottan jijiiramaa darban qonnaan, daandiin, Barnootaa fi misooma Hawaasummaa fi Dinagdee biroon fayyadamummaa hawaasaa kan guddisan hojjetamaniiru. Fuuldurattis ummanni mootummaa cinaa dhaabbachuun nageenya waaraa buusuun hojiiwwan misoomaa haala hunda galeessa ta’een akka raawwataman taassifamuu akka qaban hubachiisaniiru. Hojiin misooma koriidaraa magaala Naqamteetti eegalame magaalicha jiijiiraa jiraachuu ibsuun kunis cimee akka ittfufuuf tattaafachuu qabna jedhaniiru. Gaaffiiwwan hirmaattota waltajjichaarra ka’an sirrii fi wayitaawaa ta’uu ibsuun qaammni mootummaa dhimmichi ilaallatu sadarkaa sadarkaan deebii akka itti kennu hubachiisaniiru. Ministirri nageenyaa Mahaammad Idiriis Mootummaan naannichatti nageenyi waaraan akka bu’uuf xiyyeeffannoo kennee hojjechuusaan bu’an argameera jedhaniiru. Ministirri Muummee Boqonnaa malee Halkanii fi Guyyaa hojjechuun biyya keenya jijiiraa jiru, nuyis bakka jirrutti boqonnaa malee hojjechuun biyya keenya jijiiruu qabna jechuun ibsaniiru. Sadarkaa Itti Aanaa Pirezidaantii Naannoo Oromiyaatti Qindeessaa Kilaastara Misooma Magaalaa Obbo Masfin Malaakuu, naannichatti hojiiwwan misoomaa abdachiisoon hojjetamaa kan jiran waan ta’aniif hawaasni nageenyasaa cimsuun hojiiwwan kun itti fufinsa akka qabaatan gochuu akka qaban hubachiisaniiru. Gaaffiiwwan hirmaattonni waltajjichaa kaasan deebii ariifataa akka argatuuf mootummaan naannichaa xiyyeeffannoo kennee akka hojjetu mirkaneessaniiru.
Milkaa’inoota qindoomina mootummaa fi ummataan argaman gabbisuun biyya badhaate dhaloota dhufuuf dabarsuuf ni hojjenna-jiraattota marii ummataa jimmatti gaggeeffamerratti hirmaatan
Dec 13, 2025 178
Mudde 4/2018(TOI)- Milkaa’inoota qindoomina mootummaa fi ummataan argaman gabbisuun biyya badhaate dhaloota dhufuuf dabarsuuf akka hojjetan jiraattonni marii ummataa jimmatti gaggeeffamerratti hirmaatanibsan. Kutaaleen hawaasaa godinaa fi bulchiinsa magaalaa Jimmaarraa walitti dhufan mata duree Labsiiwwan Gubaa bu’aalee mootummaa ida’amuu” jedhuun haala yeroo biyyaarratti marii gaggeessaniiru. Hirmaattonni yaada kaasaniin akka ibsanitti, jijjiiramaan asitti mootummaan milkaa’inoota misoomaa dinqisiisoo hedduu galmeessiseera. Misoomni magaalaa, hojiileen qonnaa baratti darban magaalaa jimmaatti hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Haala Kanaan Itiyoophityaa badhaate dhugoomsuun dhaloota dhufuuf dabarsuuf galmoota qabaman milkaa’uunsaanii eerameera. Bulchaan naannoo Hararii Ordiin Badrii haasaa baniinsaa taasisaniin, bu’aaleen misoomaa qabatamaan badhaadhina Itiyoophiyaa dhugoomsan galmaa’aniiru jedhaniiru. Gama qonnaa, Industirii, Turizimii, albuudaa fi dijitaalaan akkasumas carraa hojii gama uumuutiin dameelee misooma magaalaa fi kanneen biroonis hojiileen quubsaan hojjetamuusaanii dubbataniiru. Labsiiwwan Gubaa ministira muummee DR Abiyyi Ahimadiin labsaman bayyanachuu Itiyoophiyaa kan dhugoomsanii fi guddina biyyaa si’oomsuu kan dandeessisanidha jedhaniiru. Hojiileen hojjetaman bu’a qabeessa waan ta’aniif baandaan keessaa fi alagaan alaa gaaffii abbummaa ulaa galaanaa dhaabsisuu akka hin dandeenye ibsaniiru. Injifannoowwan gurguddoo qindoomina mootummaa fi ummataan argaman dhamdhamachaa milka’ina caaluuf qophaa’uun akka barbaachisu eeraniiru. Kantiibaan magaalaa Jimmaa Xahaa Qamar barreeffama ka’umsa mariif dhiheessaniin, jijjiiramaan asitti gaaffilee misoomaa fi bulchiinsa gaarii deebisuuf magaalaa Jimmaatti hojiileen bu’a qabeessi raawwatamuu dubbataniiru. Gama carraa hojii uumuu, misooma magaalaa, bu’ura misoomaa babal’isuu, oomishtummaa guddisuun, fayyadama hawaasummaa fi dinagdee ummataa caalaa mirkaneessuutiin bu’aaleen quubsaan galmaa’aniiru. Gaaffilee bulchiinsa gaarii ummatatti dhihaachuun deebisuuf bulchiinsi gandaa hedduun gurmaa’uusaanii eeranii, gama nageenyaatiinis ummata hirmaachisuun bu’aaleen galmaa’uu dubbataniiru. Fuulduras dhiibbaa qaala;insa jireenyaa xiqqeessuuf, kenninsa tajaajilaa caalaa ammayyeessuu fi bu’uraalee misoomaa caalaa babal’isuuf xiyyeeffannoon olaanaa kennamuu eeraniiru. Hirmaattonni yaada kaasaniin, jijjiiramaan asitti milkaa’inoonni akka misooma magaalaa, gama qonnaan ammo Qamadii, Shaayee akkasumas oomisha Ruuziitiin hojiileen baratti darban hojjetamaa jiru jedhaniiru. Itiyoophiyaan ulaa galaanaa shiraan dhabde abbummaan akka harkatti galfattu qoodasaanii akka bahan eeranii, dhaloonni sirriitti akka hubatu maneen barnootaatti hubannoon akka uumamu dubbataniiru. Paartii badhaadhinaatti hoogganaan waajjira damee ijaarsaa naannoo Oromiyaa Namarraa Bulii yada kennaniin, dhiibbaa qaala’insa jireenyaa xiqqeessuuf oomishtummaa guddisuuf xiyyeeffannoon olaanaan taasifamuu eeranii, maaddii guutuu fi qonna magaalaatiin hojiileen bu’a qabeessi hojjetamaa akka jiru ibsaniiru. Rakkoolee kenniinsa tajaajilaa fi bulchiinsa gaarii furuuf bakka hundatti bulchiinsi gandaa diriirfamuu eeranii, tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob naannicha bakkee shanitti gurmeeffamaa akka jiru eeraniiru. Itti aanaan kantiibaa fi hoogganaan biiroo misooma Industirii magaalaa Finfinnee Jaanxiraar Abbaayi waltajjicharratti akka jedhanitti, mootummaan fayyadama hunda galeessa lammiilee mirkaneessuuf misooma raawwacha akka jirudubbataniiru. Bulchaan naannoo Hararii Ordiin Badrii, Itti aanaan Kntiibaa fi hogganaan biiroo misooma Industirii magaalaa Finfinnee Jaanxiraar Abbaayi, Paartii badhaadhinaatti hoogganaan dame ijaarsaa waajjira damee naannoo Oromiyaa Namarraa Bulii, bulchaan godina Jimmaa Tiijaanii Naasir fi hirmaattonni magaalicharraa walitti dhufan waltajjicharratti argamaniiru.
Manni marichaa guddina ijaarsa sirna demokiraasiif qoodasaa bahuuf xiyyeeffatee hojjechaa akka jiru ibse
Dec 12, 2025 324
Mudde 3/2018(TOI)-Manni maree waloo paartilee siyaasaa Itiyoophiyaa ijaarsa sirna demokiraasii guddisuuf hojii hojjetamuu keessatti qoodasaa bahuuf xiyyeeffatee hojjechaa akka jiru beeksise. Manni maree waloo paartilee siyaasaa Itiyoophiyaa maneen maree waloo siyaasaa naannolee wajjin waltajjii maree gaggeessaa jira. Gabaasni waggaa kan bara 2017 fi karoorri bara 2018 Mana maree waloo paartilee siyaasaa Itiyoophiyaa fi maneen maree waloo naannoo dihaatee akka mari’atamu ibsameera. Walitti qabaan mana maree waloo paartilee Siyaasaa obbo Salamoon Ayyalaa wayita kana akka dubbatanitti, manni marichaa ijaarsa sirna demokiraasii biyyattiitti guddisuuf xiyyeeffatee hojjechaa jira. Manni marichaa nageenya waaraa biyyaalessaa mirkaneessuuf qaamolee qooda fudhattootaa waliin waliin hojjechaa akka jiru eeraniiru. Mariin biyyaalessaa akka milkaa’u ajandaa walitti qabuun dhiheessuu irraa eegalee komishinicha waliin hojjechaa akka jiru beeksisaniiru. Filannoon biyyaalessaa torbaffaan haqa qabeessa, of danda’aa fi iftooma kan qabu akka ta’u qaamolee dhimmi ilaallatu waliin ta’uun hojjechaa akka jiru dubbataniiru.
Biyyoonni Afriikaa Bahaa walitti hidhamiinsa riijinii fi mirkanaa’uu nageenya waaraaf kutannoon hojjechuu qabu
Dec 12, 2025 238
Mudde 3/2018 (TOI)-Biyyoonni Afriikaa Bahaa walitti hidhamiinsa riijinii fi mirkanaa’uu nageenya waaraaf kutannoon hojjechuu akka qaban barreessaan olaanaa IGAD Dr. Warqinaa Gabayyoo hubachiisan. Wal gahiin koree ambaasaaddaroota IGAD kaleessa Jibutiitti gaggeeffameera. Barreessaan olaanaa IGAD Dr. Warqinaa Gabayyoo fi miseensonni koree ambaasaaddarootaa walgahicharratti argamaniiru. Koreen ambaasaaddarootaa IGAD tarsiimoo IGAD A.L.A bara 2026 amma 2030tti turu raggaasiseera. Dabalataanis Koreen kun bajata IGAD 2026 irratti mari’achuun hojiitti akka galu murteesseera. Kallattiiwwan hojii fuulduraa dhaabbata riijinichaas akeekeera. Riijinii nagaa, walitti hidhamee fi qormaata damdamatu ijaaruuf tumsii fi kutannoon waloo biyyootaa miseensotaa murteessaa ta’uu barreessaan olaanaa IGAD Dr. Warqunaa Gabayyoo wayita kana dubbataniiru. Karaa wal qabateen Koreen ambaasaaddarootaa IGAD walgahichaan cinaatti ijaarsi waajjira muummee haaraan IGAD maalirra akka jiru ilaaleera. Ijaarsi bu’ura misoomaa kun dandeettii dhaabbatummaa fi tumsa waloo cimsuuf akka gargaaru barreessaan olaanaa kun dubbachuusaanii odeeffannoon Tajaajilli Oduu Itiyoophyaa Sakireetaariyaatii IGAD irraa argate nimul’isa. Koreen ambaasaaddaroota IGAD ambaasaaddarootaa fi dippiloomaatota biyyoota miseensaa dhaabbata riijinichaa ofkeessatti qabata. Hojiileen ijoo Koree kanaa IGADiin gorsuu, hordoffii fi deeggarsa hojiirra oolmaa imaammataa, hojmaata biyyoota miseensotaa qindaa’aa gochuu, yaada gorsaa fi yaadota murtoo dhiheessuu ykn rggaasuudha.
Mariin Biyyoolessaa carraa jireenya keessatti yeroo tokko qofaa argamuu kan danda’u waan ta’eef, milkaa'ina isaaf garaagarummaa malee hirmaachuu qabna - Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa
Dec 12, 2025 222
Mudde 03/2018(TOI)-Mariin Biyyoolessaa carraa jireenya keessatti yeroo tokko qofaa argamuu kan danda’u waan ta’eef, milkaa'ina isaaf garaagarummaa malee hirmaachuu qabna jedhe Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa. Komishiniin Marii Biyyoolessaa Itiyoophiyaa Yaa’ii Guutuu Biyyaalessaa (National Plenary) jalqabuuf qophii xumuraa jiraachuu marii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa keessatti gaggeeffameen beeksiseera. Marichaan dhimmoota naannoo Tigraay dabalatee hojiiwwan hafan tokko tokko saffisaan xumuramuu kan dandeessisanii fi yeroo gabaabaa keessatti konfiraansii Marii Biyyoolessaa eegaluu danda’an irratti mariin bal’aan gaggeeffameera. Marii naannoo Tigraayitti gaggeeffamuuf hojiin haaldureewwanii raawwatamuu haala qindaa’aa ta’een kan gaggeeffame yoo ta’u, waltajjiiwwan duraa adda addaa kan bulchiinsa yeroo fi qooda fudhattoota biroo hirmaachise gaggeeffameera. Akkasumas waltajjiiwwan kanneen irraas yaadni galtee gaarii ta’u argamuu himameera. Dabalataan, Komishiniin Marii Biyyaalessaa mala haala naannichaa jiru tilmaama keessa galche fayyadamuun, ajandaa naannichaa qindeessuun, hirmaattoota Yaa’ii Marii Biyyaalessaa filachuun hojii hafe xumuruuf waliigaltee irra ga’uu isaa ibsameera. Kanaafis ummanni Tigraay guutuun, paartileen siyaasaa naannicha keessa socho’an, hayyoonni, dhaabbileen hawaasa siivilii fi qooda fudhattoonni dhimmi kuni ilaallatu hojii komishinichaa ajandaa isaa milkeessuu fi hirmaattota konfiraansii naannoo Tigraay filachuu irratti guutummaatti akka deeggaran ergaan dabarfameera. Mariin Biyyoolessaa seenaa keessatti al tokko qofaa argamuu waan danda’uuf,hunduu milkaa’ina isaaf tumsuu akka qabu dhaamaniiru. Har’as balballi nagaa banaa ta’uu ibsuun, humnoota hidhatanii naannoo adda addaatti walitti bu’iinsa keessa jiran dabalatee, qaamni dhimma siyaasaa qaba jedhu kamiyyuu ajandaa isaa Komishinii Marii Biyyoolessaaf karaa nagaa akka dhiyeessu irra deebi’anii waamicha dhiyeessaniiru. Aadaa siyaasaa keenya duubatti hafe bu’uuraan jijjiiruuf tattaaffii taasifamu keessatti namni hundi gahee isaa akka ba’uu fi Yaa’iin Marii Biyyaalessaa milkaa’inaan akka xumuramu waamicha dhiyeessuun Manni Marichaa marii kana xumureera. Marii kana irratti Afyaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa, itti aanaa Afyaa’ii, Mana maree Bakka bu’oota uummataatti Ministira itti waamamaa mootummaa, Hogganaa fi itti Aanaa Hogganaa Komishinii Marii Biyyaalessaa, komishiniinaroonni hundi, hoggantoonni koree dhaabbii dhimma dimokiraasii fi qooda fudhattoonni biroo hirmaataniiru.
Nageenya amansiisaa Baha Itiyoophiyaa itti fufsiisuun, Piroojektoonni misoomaa jalqabaman karaa nageenya amansiisaan akka milkaa’aniif qindoominaan ni hojjetama
Dec 11, 2025 369
Mudde 02/2018(TOI)-Nageenya amansiisaa Baha Itiyoophiyaa itti fufsiisuun, Pirojektoonni misoomaa jalqabaman karaa nageenya amansiisaan akka milkaa’aniif qindoominaan akka hojjetamu itti aanaan ajajaa Iizii Bahaa Meejer Jeneraal Fiqaaduu Tsaggaayee ibsan. Naannoolee ollaa Baha Itiyoophiyaa, bulchitoota godinootaa fi aanotaa,human waloo Nageenyaa nageenyaa fi tasgabbii irratti mariin gaggeeffameera. Kaayyoon marii kanaa humnoota nageenyaa godinootaa fi bulchiinsa magaalotaa daran cimsuu fi nageenyaa fi tasgabbii naannoo eegsisuuf akka ta’e himameera. Naannichatti nageenyaa fi tasgabbii itti fufsiisuuf hunduu tumsaan hojjechuu qaba jedhan Meejer Jeneraal Fiqaaduu Tsaggaayeen. Kessumaa naannichi bakka kontiroobaandiin itti hedduummatuu fi shororkeessitoonni nageenya booressuuf socho’an waan ta’eef, qaamoleen nageenyaa hawaasa waliin ta’uun halkanii fi guyyaa nageenyaaf akka hojjetan ibsaniiru. Waltajjii marii kana irratti hoggantoonni nageenyaa fi komishinaroota poolisii naannoo Oromiyaa Godinoota Harargee Bahaa fi Lixaa, Godinoota Somaalee godinoota Siitii fi Faafen, bulchiinsa magaalaa Dirree Dhawaa fi bulchiinsa magaalaa Maayaa, akkasumas hoggantoonni olaanoo Ajaja Bahaa fi Poolisoonni Fedaraalaa argamaniiru.
Adeemsa Masriin laga Abbayyaa irratti Seenessa koloneeffataa adeemsisaa jirtu goolabameera-Dr. Biqilaa Hurrisaa
Dec 11, 2025 306
Mudde 02/2018(TOI)- Adeemsa Masriin laga Abbayyaa irratti Seenessa koloneeffataa adeemsisaa jirtu goolabameera jedhan Waajjira Ministira Muummeetti Ministirri Qindeessaa Ijaarsa Sirna Dimookiraasii doktar Biqilaa Hurrisaa. Yaadama bara koloneeffataan faaydaa mirkaneeffachuun akka hin danda’amne dubbataniiru doktar Biqilaa Hurrisaan. Doktar Biqilaa Hurrisaan Miidiyaa Palsi Of Afrikaa waliin haasaa taasisanin, Ministirri Dhimma Alaa Gibtsii Mahaammad Abdallaattii dhimma Hidha Haaromsaa Guddicha Itiyoophiyaa ilaachisee yaada kennan cimsanii balaaleffataniiru. Masiriin yaada nagaafi tasgabbii booressu irraa of qusachuu qabdi jedhaniiru. Dabalataanis yeroon seenessa koloneeffataa Masriin laga Abbayyaa irratti adeemsisaa jirtu barri isaa irra darbeera jedhani. Yaanni Ministira Dhimma Alaa Masriin dhiyaate yaada yeroo ammaa kan hin madaalle ta’uu eeraniiru. Masiriin Laga Naayil anumti qofaan olaantummaan fudhachuu qaba kan jettu seenessa yeroo hin madaalle waan ta’eef nageenya naannawaafis sodaa keessaa kan galchu dha jedhani. Yaanni isaanii kuni immoo faayidaa biyyoolessaa Itiyoophiyaa kan faallessuufi fudhatama kan hin qabne ta’uu himani. Mootummaan Masirii Itiyoophiyaan akka hin tasgabboofneef garee ergamtootaa deeggaruun,filachuun hojiitti bobbaasuu eeruun,kuni amala itti gaafatamummaa hin qabne goolii uumuu ta’uu ibsaniiru. Gama mirga itti fayyadama bishaanii fi tumsa naannootiin yaada isaanii kan kaasan Ministirri kun, Itiyoophiyaan laga Abbayyaa harka caalu kan ishee uwwisu qabeenya ishee fayyadamuuf mirga seeraa qabdi jedhan. Gama biraatiin, gaaffiin Itiyoophiyaa mirga abbummaa ulaa galaanaa seera qabeessaa fi qajeelfama irratti kan hundaa’e ta’uu ibsaniiru doktar Biqilaa Hurrisaan. Hawaasni Idil Addunyaas gaaffii mirga abbummaa kana beekamtii kennaa jiraachuu ibsaniiru. Ejjennoon Masriin laga Abbayyaa qofatti fayyadamuu ishee yeroon kan irra darbee fi yaada koloneeffataa ta’uu isaa, akkasumas yaadaafi mala yeroon barbaadu waliin kan wal hin simne ta’uu akeekaniiru. Adeemsa Masriin laga Abbayyaa irratti Seenessa koloneeffataa adeemsisaa jirtu goolabameera jedhani. #Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa #TOI
Itiyoophiyaa fi Zaambiyaan damee loltummaa irratti tumsaan waliin hojjechuuf walii galan
Dec 10, 2025 379
Mudde 01/2018(TOI)-Itiyoophiyaa fi Zaambiyaan damee waraanaa irratti tumsaan waliin hojjechuuf dhimmoota isaan dandeessisu irratti waliif mallatteessaniiru. Walii galtichi hariiroo yeroo dheeraa biyyoota gidduu ture cimsuu fi damee waraanaa adda addaatiin faayidaa waloo irratti hojjechuuf kan kaayyeffate ta’uun ibsameera. Haaluma kanaan Itaamaajoor shuumiin walii galaa humnoota waraanaa Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa fi Itaamaajoor shuumiin Waliigalaa Zaambiyaa Jeneraal Jeefri zi'eel gidduutti erga mari'ataniin booda hoggantoonni ittisaa sadarkaan jiranis waliigaltee kana mallatteessaniiru. Itiyoophiyaan nageenyaa naannawaa fi biyyootaa tasgabbeessuuf kutannoon kan hojjettu ta’uu himan Fiild Maarshaal Birhaanuu Juulaan. Hariiroo Zaambiyaa waliin jiru daran cimsuuf kan hojjetan ta’uu mirkaneessaniiru. Leetanaan Jeefrii Zi’eel gama isaaniin, waliigalteen loltummaa biyyoonni lamaan mallatteessan tumsa fooyya’aa uumuun fayyadamummaa waloo caalmaatti guddisuuf shoora qabaachuu dubbataniiru. Hoggantoonni Raayyaa Ittisaa biyyoota lameenii waliigalticha kan mallatteessan yoo ta’u, kunis hariiroo bara dheeraa biyyoota lamaanii caalmaatti cimsuu fi dameewwan loltummaa adda addaan fayyadamummaa waloof hojjechuuf kan kaayyeffate ta'uu ibsameera.

Hawaasummaa
Pirojektoota misoomaa naannichatti galmaa'an daran cimsuuf mootummaa cinaa dhaabbachuun gahee keenya ni baana - Jiraattota Magaalaa Jigjigaa
Dec 14, 2025 71
Mudde 5/2018(TOI)- Pirojektoota misoomaa naannichatti galmaa'an daran cimsuuf mootummaa cinaa dhaabbachuun gahee keenya ni baana jedhan jiraattonni Magaalaa Jigjigaa. Waltajjiin marii hawaasaa mata duree “labsiiwwan Gubaa, injifannoo mootummaa Ida’amuu” jedhuun magaalaa Jigjigaatti gaggeeffameera. Jiraattonni magaalaa Jigjigaafi naannawaa ishee irratti hirmaataniru. Hirmaattota kanneen keessaa yaada kan kennan Chiif Aqiil Ahimad Huseen, waggoottan darban bu’aawwan misooma hedduu milkaa’an argineerra jedhani. Gara fuula duraattis hojiin misoomaa akka itti fufaniif deeggarsa keenya itti fufna jedhaniiru. Hirmaataan kan biraan obbo Umar Hasan Hirsi akka jedhanitti hojiileen naannichatti hojjetaman kan galateeffman ta’uu ibsaniiru. Hojiileen hanga ammaatti hojjetaman kan galateeffataman ta’uu eeruun gara fuula duraatti mootummaan bishaan dhugaatii irratti akka hojjetu gaafataniiru. Angafni Lubaa Iyyoob Wondimmuu akka jedhanitti, uummanni piroojektoota misoomaa hedduu naannichatti hojjetamaa turan, nagaa eeguu irraa eegalee deeggaraa turaniiru. Hojiileen misoomaa eegalaman jajjabeessoofi abdii kan namatti horan ta’uu eeruun mootummaan gara fuula duraatti ibsaa daandii magaalaa irratti osoo xiyyeefatees yaada kaasaniiru. Hirmaataa waltajjichaa kan ta’an Luul Sheek Abdii mootummaan hojii kalaqaa irratti xiyyeeffannoo inni kenne cimee itti fufuu qaba jedhani. Waltajjicha kana kan dursuun gaggeessan, Miseensa Hojii Raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa fi Hogganaan Mootummaa Naannoo Kibba Itiyoophiyaa obbo Xilahuun Kabbadaa yoo ta’an, mootummaan ida’amuu dandeettii gama hundaan jiru adda baasuun misoomsuun fayyadamummaa ummataatiif hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Qamadii biyya alaatii galchuu dhaabuu danda’uu akka fakkeenyaatti hojii waggoota jijjiiramaa keessatti hojjetamaa ture ta’uu eruun, damee hundaan badhaadhina mirkaneessuuf hojiin hojjetamaa jira jedhan. Naannoon Somaalee naannoo qabeenya uumamaan badhaate eeruun, mootummaan misooma hunda galeessa naannichaaf xiyyeeffannoo addaa kennaa akka jirus ibsaniiru. Bulchiinsa Magaalaa Jigjigaatti gaaffilee ummanni kaasan ,bishaan, daandii keessoo, fi ibsaa ilaalchisee ka’eef deebiin ni kennama jedhan. Itti Aantuun Af-yaa’ii Gumii Biyyaalessaa Hararii Aadde Amiinna Abdulkariim akka jedhanitti, mootummaan badhaadhina hunda hammate gama hundaan mirkaneessuuf tattaaffii taasisaa jiru keessatti bu’aa fakkeenyummaa qabu galmaan ga’uu ibsaniiru. Milkaa'ina argame itti fufsiisuuf ummanni mootummaa cinaa dhaabbachuun deeggarsa barbaachisu taasisuu akka qabus cimsanii dubbataniiru. Itti gaafatamaan Waajjira Paartii Damee Naannoo Somaalee Injiinar Mohaammad Shaalee akka jedhanitti, mootummaan naannichaa pirojektoota Magaalaa Jigjigaatti eegalaman daran misoomsuun magaalattii wiirtuu daldalaa taasisuuf ciminaan hojjechaa jira.
Hojiileen misoomaa waggoota jijjiiramaa keessatti hojjetaman uummata biyyattii fayyadamoo kan taasisaniifi badhaadhina biyyattii kan dhugoomsan gumaachaniiru – Jiraattota
Dec 14, 2025 49
Mudde 5/2018(TOI)- Hojiileen misoomaa waggoota jijjiiramaa keessatti hojjetaman uummata biyyattii fayyadamoo kan taasisaniifi badhaadhina biyyattii kan dhugoomsan gumaachaniiru jedhan jiraattonni magaalaa Boongaafi naannawaa ishee. Waltajjiin marii hawaasaa mata duree “labsiiwwan Gubaa, injifannoo mootummaa Ida’amuu” jedhuun gaggeeffameera. Waltajjii marii kana irratti Magaalaa Boongaafi naannwaa ishee irraa kan walitti babba’an kan irratti hirmaatan yoo ta’u, bu’aawwan misoomaa argamaniifi gara fuula duraattis hojiilee xiyeeffannoo barbaadan irratti yaada isaanii kennuun irratti mari’ataniiru. Hirmaattota keessaa jiraattuu magaalaa Boongaa kan ta’an aadde Abbaaynash Kabbadaa akka jedhanitti,Paartiin Badhaadhinaa paartii hirmaachisaafi kan uummataa ta’uu eeruun,gaaffii bara dheeraa deebii osoo hin argatiin ture gaaffii ofiin of bulchuu deebii laachuun qabatamaan kan agarsiise dha. Kana malees bu’aawwan misoomaa hedduu argineerra jedhan. Ijaarsi mana barumsaa bultii, kan waggoota dheeraaf harkifate hojiitti galamuu, buufata xiyyaaraa, hojiin uummata irratti xiyyeeffate namoota rakkoof saaxilamoo deeggaruuf hojjetamaa jiru, Maaddiin Guutuu fi hojiiwwan biroo jajjabeessaa ta’uu ibsaniiru. Jiraataa magaalaa Boongaa kan ta’an obbo Alamaayyoo Kabbadaan gama isaaniin, mootummaan jijjiiramaa uummata fayyadamoo taasisuufi badhaadhina biyyaa mirkaneessu hojjechaa jira jedhaniiru. Inisheetiviiwwan akka biyyaatti hojjetamaa jiran uummata naannichaa fi magaalichaa fayyadamoo taasisuusaa hubachiisuudhaan, bu’aa misooma koridaraa fi Sagantaa Ashaaraa Magariisaatiin argame ibsaniiru. Dhiibbaa qaala’insa jireenyaa hir’isuuf tattaaffiin taasifamaa jiraatus daballii gatii magaalattii keessatti mul’atee fi kenniinsa tajaajilaa fi hojmaata malaammaltummaa dhaabbilee adda addaa keessatti mul’atu sirreessuuf hojiin cimaan hojjetamuu qaba jedhaniiru. Waggoota jijjiiramaa darban keessatti milkaa’inni misoomaa Itiyoophiyaa qofaaf osoo hin taane Afrikaafis fakkeenyummaa kan ta’e hedduun galmaa’uusaa yaada kennan obbo Ayyaalaa Wolde Gabri’eel hubachiisaniiru. Uummanni Kafaa nagaaf iddoo guddaa akka kennu, gara fuulduraattis akkasuma akka itti fufu cimsanii kan ibsan yoo ta’u, hawaasni sadarkaa biyyaatti nageenyaaf dursa kennuu akka qabu ibsaniiru. Waltajjii marii kana dursuun kan gaggeessan Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataattii Bakka Bu’aa Mootummaa Ol’aanaa Ministira doktar Tasfaayee Baljigee yoo ta’an, mootummaan dhimmoota misoomaa fi bulchiinsa gaarii naannicha keessatti yeroo dheeraaf mul’atan furuu ibsaniiru. Waggoota jijjiiramaa darban keessatti piroojektoonni misoomaa hedduun naannichatti dameewwan turizimii, qonnaa, albuudaa fi kanneen birootiin hojjetamaa akka turanis hubachiisaniiru. Akka biyya tokkootti tokkummaan yoo dhaabbannee fi tokkummaan yoo hojjenne galma barbaannu ga’uu dandeenya jedhaniiru. Itti gaafatamaan paartii Badhaadhinaa damee naannichaa obbo Fiqiree Amaan gamasaaniitiin dhimmoonni misoomaa hawaasni waggoota darban keessa kaasan akka furmaata argataniifi deebii akka argatan hordoffiifi deeggarsi cimaan taasifamaa jiraachuu ibsaniiru. Gaaffiileen hawaasaas sadarkaa sadarkaan deebii akka argatan hubchiisaniiru. Qindeessaan Kilaastara Hawaasummaa Naannoo Oromiyaa sadarkaa itti aanaa Bulchaa obbo Saadaat Nashaa, erga jijjiiramni dhufee as hirmaannaa bal’aa mootummaa fi uummataatiin bu’aaleen hedduun galmaa’uu hubachiisaniiru.
Gurmaa’insi dargaggootaa tola ooltummaan dhiiga arjoomuu bira darbee, hirmaannaa hubannoo hawaasaa guddisuu keessatti qaban cimsuu qabu
Dec 14, 2025 60
Mudde 5/2018(TOI)- Gurmaa’insi dargaggootaa tola ooltummaan dhiiga arjoomuu bira darbee, hirmaannaa hubannoo hawaasaa guddisuu keessatti qaban cimsuu akka qaban Tajaajilli Dhiigaa fi Tishuu Itiyoophiyaa ibse. Tajaajilichi Waldaa Arjoomtoota Dhiiga Biyyaalessaa Itiyoophiyaa waliin waltajjii marii Adaamaatti gaggeesse, adeemsa sassaabbii dhiigaa ji’oota shanan darban keessatti raawwatamee fi karoora sassaabbii dhiigaa ji’oota bonaa dhufan irratti mari’ateera. Akka daariktarri olaanaa tajaajila kanaa Dr. Ashannaafii Taazzabaa jedhanitti, bara baajataa kana keessatti barattoota, dhaabbilee amantaa fi dargaggoota tola ooltota dabalatee qooda fudhattoota biroo waliin ta’uun dhiiga yuunitii kuma 550 walitti qabuuf qindoominaan hojjechaa jira. Aadaa arjooma dhiigaa hawaasa keessatti dagaagsuun, ji’oota shanan darban keessatti dhaabbilee fi manneen barnootaa, gurmaa’insa dargaggootaa fi dubartootaa hirmaachisuun dhiiga yuunitii kuma 202 walitti qabamuusaa ibsaniiru. Gurmaa’insi dargaggootaa tola ooltummaan dhiiga arjoomuu bira darbee, hirmaannaa hubannoo hawaasaa guddisuu keessatti qaban cimsuu akka qabus dhaamaniiru. Tajaajilichi caasaa gurmaa’insaa fayyadamuun magaalota Jimmaa fi Jigjigaa dabalatee magaalota biroo keessattis arjoomtoota dhiigaa dhaabbataa uumuu danda’eera. Dargaggoonni kunneen sochii namoonni kaan fedhii isaaniitiin dhiiga akka arjooman jajjabeessuu irratti hirmaachuun lubbuu baraaruu akka qaban gaafataniiru. Itti aanaa Hogganaa Biiroo Eegumsa Fayyaa Magaalaa Finfinnee doktar Mulugeetaa Indaalaa akka jedhanitti, dhaabbileen fayyaa magaalichaa qooda fudhattoota waliin ta'uun fedhii dhiigaa guutuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Kunis lakkoofsi haadholii fi lammiilee sababa dhiiga dhabuun lubbuu dhabanii gara zeerootti gadi buusuun akka danda’ame taasiseera jedhan. Qindeessaan Waldaa Arjoomtoota Dhiiga Biyyoolessaa Dargaggoota Itiyoophiyaa Dargaggoo Nabiyyuu Museemaa gama isaaniitiin waldichi miseensota isaa qindeessuun lubbuu lammiilee hanqina dhiigaatiin du’aa jiran baraaruuf, dhiiga walitti qabuun, hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Waldaan kun ji’a sadiitti dhaabbataan dhiiga walitti qabuun alattis, hawaasaaf hubannoo uumuu fi dhiiga akka arjooman jajjabeessuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.
Hojiin Giddugala Wiirtuu Tokkoo(Mesob) fi tajaajila isaa babal’isuu hojjetamaa jira
Dec 14, 2025 54
Mudde 5/2018(TOI)- Hojiin Giddugala Wiirtuu Tokkoo(Mesob) fi tajaajila inni kennu babal’isuu hojjetamaa jiraachuu daariktarri Olaanaa Tajaajila Giddugala Wiirtuu tokkoo (Mesob) Naannoo Beenishaangul Gumuz injiinar Sammaree Jiraataa himani. Kaayyoon inni guddaan tajaajila wiirtuu tokkoo tajaajilli lammiileef kennamu komii irraa bilisa, yeroo fi baasii xiqqaa, haqa qabeessaa fi dhaqqabamaa ta’uu isaa mirkaneessuu akka ta’e cimsanii dubbataniiru. Akka naannichaatti tajaajilli wiirtuu tokko Fulbaana bara 2018 irraa eegalee dhaabbilee naannoo shanii fi federaalaa sadii keessatti dameewwan 33 irratti tajaajila kennaa akka jiru ibsameera. Hanga ammaattis fayyadamtoonni kuma 6 fi 300 ol tajaajila argachuu isaanii beeksisaniiru. Gara fuula duraatti lakkoofsa dhaabbilee fi tajaajiloota giddugalichatti kennaman dabaluun, babal’isuuf hojjetamaa akka jiru TOItti himaniiru. Haaluma kanaan dabalataan dhaabbilee federaalaa tokkoo fi naannoo sadii gara tajaajila wiirtuu tokkoo(Mesob)tti galchuuf hojjetamaa akka jiru eeraniiru. Kana hordofuun yeroo dhiyootti tajaajilli dabalataa shan giddugalichatti akka dabalamu himaniiru. Gama biraatiin sadarkaa bulchiinsa magaalaa Asoosaatti Tajaajila Wiirtuu tokkoo(Mesob) hundeessuuf hojjetamaa akka jirus eeraniiru.
Diinagdee
Xiyyeeffannaan misooma qulqullina bunaafi gabaa bunaaf taasifame, oomishtoota bunaa fayyadamoo taasisuun galii sharafa alaa biyyattiis dabalaa jira.
Dec 14, 2025 49
Mudde 5/2018(TOI)- Xiyyeeffannaan misooma qulqullina bunaafi gabaa bunaaf taasifame, oomishtoota bunaa fayyadamoo taasisuun galii sharafa alaa biyyattiis dabalaa jiraachuu Abbaan Taayitaa Bunaafi Shaayee Itiyoophiyaa ibse. Giddugalli Dhandhamaa Bunaa Godina Gujii aanaa Adoolaa Waayyuu, ganda Birbirsaa Biluutti hundeeffame bakka hoggantoonni olaanoo Godinaalee, Federaalaa fi naannoo Oromiyaa argamanitti eebbifameera. Saganticha irratti kan argaman Daariktarri Olaanaa Abbaa Taayitaa Bunaa fi Shaayii Itiyoophiyaa doktar Addunyaa Dabalaa akka jedhanitti, mootummaan waggoota darban keessatti misooma bunaa, qulqullinaa fi gabaa bunaa irratti xiyyeeffachuun isaa oomishtoota fayyadamoo taasisuu fi galii sharafa alaa biyyattiis dabaleera. Keessumattuu gosoota biqiltuu bunaa fooyya’aa ta’an akka biyyaatti fayyadamuun oomishaafi oomishtummaa bunaa guddisuuf hojiin itti fufinsa qabu hojjetamaa turuu ibsaniiru. Qulqullina oomisha bunaa guddisuuf hojiin hubannoo uumuu qonnaan bultoota, daldaltootaa fi qooda fudhattoota hirmaachise gama hundaan gaggeeffamuu eeraniiru. Haaluma kanaan, bara darbe oomishni bunaa gabaa biyya keessaafi al-ergiitiif oolu dabaluu isaa eeruun, bara kanas oomishni fooyya’aan akka eegamu ibsaniiru. Naannoon Oromiyaa naannoo oomishni bunaa bal’inaan oomishamu ta’uu eeruun, keessumaa bunni Gujii dhamdhama mi’aa fi qulqullina uumamaa isaatiin gabaa addunyaa irratti baay’ee jaallatamaa dhufuu himaniiru. Giddugalli dhandhamaa bunaa aanicha keessatti eebbifamee tajaajilaaf dhiyaate buna naannoo sanatti oomishamu haala qulqullina isaa eeggateen gabaaf akka dhiyaatu gochuu keessatti iddoo guddaa akka qabus eeraniiru. Hogganaan Biiroo Qonnaa Naannoo Oromiyaa obbo Geetuu Gammachuu akka jedhanitti, oomishtummaa bunaa guddisuu fi qulqullina bunaa eegsisuuf tattaaffiin taasifamaa jiru bu’a qabeessa ta’aa jira. Giddugalli dhandhamaa bunaa kun oomisha qulqullinaa fi sadarkaa isaa eeggate naannichaa irraa gabaa biyya keessaa fi alaatti dhiyeessuuf gargaarsa guddaa akka taasisus beeksisaniiru. Bulchaan Godina Gujii obbo Nagaash Bullaallaaa gamasaaniitiin bara darbe oomishni bunaa godinichaa toonii kuma 70 ol gabaa giddu galeessaaf dhiyaachuusaa yaadachiisaniiru. Bara baajataa kanatti oomisha bunaa toonii kuma 120 ol godinicharraa gabaa giddu galeessaaf dhiyeessuuf karoorfamuu eeraniiruun, qonnaan bultoonni godinichaa kuma 160 ol misooma bunaa irratti hirmaachaa fi fayyadamoo ta’uu, akkasumas lafti bal’aan bunaan misoomuu danda’u, heektaara kuma 473 ol uwwisu akka jiru eeraniiru. Giddugalli Qulqullinaa fi dhamdhama Bunaa godinicha keessatti hundeeffame oomishtoonni cimanii akka hojjetan kan kakaasu ta’uu ibsaniiru. Godinichatti qonnaan bulaa oomisha bunaa irratti bobba’an obbo Taarikuu Maramii jiraataa aanaa Adoolaa Reeddee ganda Anfeeraaraa irraa akka jedhanitti, giddugalichi buna qulqullina fooyya’aa qabu akka oomishan ni jajjabeessa.
Magaalaa Baahir Daaritti abbootii qabeenyaa kaappitaala birrii biiliyoona 24.2 galmeessaniif eeyyamni invastimantii kenname.
Dec 14, 2025 53
Mudde 5/2018(TOI)- Magaalaa Baahir Daaritti ji’oota shanan darban keessatti abbootii qabeenyaa 184 kaappitaala birrii biiliyoona 24.2 galmeessaniif eeyyama invastimantii kennuu bulchiinsa magaalichaatti qajeelfamni industiriifi invastimantii beeksise. Sadarkaa itti aanaa kantiibaatti hoggantuun qajeelfa indaastirii fi invastimantii bulchiinsa magaalaa Baahir Daar aadde Birhaan Nugusee TOItti akka himanitti, Magaalaa Baahir Daar bakka invastimantii fi turizimii filatamaa taasisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira. Ji’oota shanan darban keessatti abbootii qabeenyaa gara magaalatti dhufanii carraa invastimantii jiru keessatti akka hirmaatan jajjabeessuuf tattaaffiin hojjetamaa turuu ibsaniiru. Haaluma kanaan abbootii qabeenyaa 184, kaappitaala birrii biiliyoona 24.2 galmeessanii, dameewwan aagiroo-piroosesingii, hoteelotaa fi turizimii, akkasumas dameewwan biroo irratti bobba’uuf eeyyama invastimantii gaafataniif eeyyamni kuni kan kenname akka ta’e beeksisaniiru. Abbootiin qabeenyaa eeyyama invastimantii argatan kunneen,gara fuula duraatti ijaarsa irratti yeroo bobba’an, gabaa biyya keessaafi biyya alaaf dhiyeessuun dabalatatti,hawasa hedduuf carraa hojii akka banan dubbataniiru. Warshaalee kanaan dura eeyyama invastimantii argatanii ijaarsa irra turan 26 keessaa, shanana isaanii ji’oota shanan darban keessatti hojii dhaabbii maashinarii xumuranii gara oomishaatti galuu isaaniis hubachiisaniiru. Warshaaleen hafan adeemsa maashinarii dhaabuuf akka jiran eeruun itti gaafatamamtuun kuni, warshaaleen hojii dhaabbii maashinarii saffisaan xumuranii oomisha akka eegalaniif deeggarsaafi hordoffiin cimaan taasifamaa jiraachuu eeraniiru. Yeroo ammaa kana indaastiriiwwan mukaa fi sibiilaa, nyaataa fi dhugaatii, akkasumas indaastiriiwwan huccuu dabalatee indaastiriiwwan oomishaa adda addaa 268 magaalattii keessatti hojjechaa akka jiran hubachiisaniiru. Kanneen keessaa indaastiriiwwan 13 oomisha al-ergii irratti kan xiyyeeffatan yoo ta’u; walumaa galatti dargaggoota kuma 11 olii fi kutaalee hawaasaa biroof carraa hojii uumuu isaanii ragaan Qajeelcha Industirii fi Invastimantii irraa argame ni mul’isa.
Hojiilee damee hedduun waggoottan jijjiiramaa hojjetamaniin bu’aaleen ariifataa ummata fayyadan galmaa’aniiru-Jiraattota magaalaa Adaamaa
Dec 13, 2025 142
Mudde 4/2018(TOI)- Hojiilee damee hedduun waggoottan jijjiiramaa hojjetamaniin bu’aaleen ariifataa ummata fayyadan galmaa’uusaanii jiraattota magaalaa Adaamaa dubbatan. Mariin ummataa mata duree “labsiiwwan Gubaa injifannoo mootummaa Ida’amuu” jedhuun qophaa’ee jiraattonni magaalaa Adaamaa fi godina Shawaa bahaa irratti hirmaatan gaggeeffameera. Waggoottan jjjiiramaa keessumaa misooma kooriidaraa dabalatee milkaa’inoota misooma qonnaa fi kenniinsa tajaajilaatiin galmaa’an kaasaniiru. Hirmaataan Shaambal Tamasgeen Hayilamaaram, pirojektoonni magaalaa Adaamaatti hojjetaman magaalattii kan jijjiiranii fi hunda fayyadamaa kan taasisanidha jedhan. Qamadii dabalatee misooma qonnaatiin misoomni kuduraa fi muduraa akkasumas maaddii guutuun jireenya namoota hedduu kan jijjiire ta’uu kaasaniiru. Itiyoophiyaan ulaa galaanaa dhabuushee dhimma jiraachuu biyyaa gochuu Itiyoophiyaan abbaa ulaa galaanaa akka taatuuf tattaaffiin eegalame abdii guddaa kan nutti horedha jedhaniiru. Qaala’insa jireenyaa xiqqeessuuf hojiileen hojjetamaa jiran jajjabeessaa ta’anis fuuldura dhimmanii hojjechuu waan gaafatuuf tattaaffii ummataa fi mootummaa cimaa ta’e gaafata jedhaniiru. Hirmaattuun waltajjichaa Adde Zabiibaa Kadir, bu’aalee qabatamaa waggoottan jijjiiramaa argamaniif beekamtii kennuu fi hanqinoota jiran sirreessuun hunda keenyarraa eegama jedhaniiru. Hojiileen waggoottan jijjiiramaa hojjetaman onnachiisoo waan ta’aniif fuulduras qaala’insa jireenyaa xiqqeessuu fi rakkoo mana jireenyaa furuun ni barbaachisa jedhaniiru. Qulqulina barnootaa mirkaneessuuf kitaaba dhiheessuurratti xiyyeeffatamuu qaba jedhan. Godina Shawaa Bahaa aanaa Booraatti mariirratti kan hirmaatan obbo Tashoomaa Abarraa, misooma Qamadii dabalatee misoomni kuduraa fi muduraa milkaa’inni guddaan kan ittiin galmaa’e ta’uu ibsaniiru. Magaalaa Adaamaa aanaa Wanjiirraa kan hirmaatan obbo Kabbadaa Zargaawu, hidha haaromsaa xumurree warshaa Xaa’oo, misooma gaazii uumamaa fi abbaa ulaa galaanaa ta’uuf hojiileen eegalaman ajaa’ibsiisaadha jedhaniiru. Waltajjii marii kan gaggeessan ministirri maallaqaa Ahimad Shidee, Inisheetiiviiwwan damee qonnaa Qamadii, Ruuzii fi inisheetiiviiwwan biroo bu’a qabeessa gochuun birmadummaa nyaataa mirkaneessuun ajandaa mootummaa isa ijoo ta’ee itti fufa jedhaniiru. Tattaaffii tajaajila dijitaalaa, misooma industirii, carraa hojii uumuu fi qaala’insa jireenyaa xiqqeessuuf taasifameen bu’aan jajjabeessaan galmaa’uu kaasanii fuulduras xiyyeeffannoon addaa kennameefii ni hojjetama jedhaniiru. Mariin har’aas waadaa ummataaf galamee fi hojiileen raawwataman eessarra akka jiran ilaaluun kallattii fuulduraarratti hubannoo wal fakkaataa qabaachuuf waan ta’eef ummanni hirmaannaa qindaa’aa gochuu qaba jedhaniiru. Ministirri Turizimii Salaamaawiit Kaasaa gamasaaniin, misoomni hawaasummaa fi dinagdee magaalaa Adaamaatti mul’achaa jiru cimee akka fulla’u hawaasni hirmaannaasaa itti fufuu qaba jedhaniiru. Hogganaan biiroo barnootaa Oromiyaa Dr. Tolaa Bariisoo, magaalaa Adaamaa fi godina Shawaa Bahaatti nagaa waaressuun fayyadamni dinagdee ummataa akka mirkanaa’u akkasumas qulqullinnii fi waliin gahiinsa barnootaa akka babal’atu ni hojjetama jedhaniiru.
Jireenya lammiilee bu’uurarraa jijjiiruuf tattaaffiin taassifamu cimee itti fufa – kantiibaa Adaanach Abeebee
Dec 13, 2025 87
Mudde 4/2018 (TOI)- Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee jireenya lammiilee bu’urarraa jijjiiruuf hojiiwwan hojjetu cimsee akka ittifufu Kantiibaa Adaanacha Abeebee Ibsan. Kantiibaa Adaanach Abeebee lammiilee fayyadamtoota seeftiineetii kan turaniif gamoo omishaa fi gurgurtaaf Kutalee Magaalaa Afuritti ijaarame dabarsanii kennaniiru. Kantiibaan kun ergaa saganticharratti dabarsaniin Bulchiinsi Magaalicha fayyadamummaa hunda galeessa lammiilee mirkaneessuuf hojii bu’aa qabeessa hojjechaa jira. Lammiilee galii xiqqaa fi fayyadamtoota sagantaa seeftiineetii ta’an fayyadamummaa Diinagdeesaanii guddisuuf hojii bal’aan hojjetamaa jira jedhaniiru. Isaan keessaa har’a dabarfamee kan kenname bakki hojii fi gurgurtaa jiraattota gargaaramuurraa gara omishtummaatti kan ceesisu ta’uu akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Walii gala fayyadamtoota wabii nyaata kuma 520 ta’an gara dameelee hojii adda addaatti akka ce’an taasisuun bu’uurarraa jireenyasaanii akka jijjiiramuuf hojjetamaa jirachuu beksisaniiru. Fuuldurattis lammiilee wabii nyaataan hammataman jireenyasaanii akka fooyyeffataniif hojiin hojjetamu cimee itti fufa jedhaniiru. Fayyadamtoonni Gamoo bakka hojii fudhatan cimanii hojjechuun jireenya mataasaanii jijiiruurra darbee kanneen biroof carraa hojii uumuu akka qaban hubachiisaniiru. Sadarkaa Itti Aanaa Kantiibaatti Itti Gaafatamaan Biiroo Carra Hojii Uumuu Magaalaa Finfinnee Miiliyoon Maatiwoos akka jedhanitti, bulchiinsi magaalichaa lammiileen damee hojii adda addaarratti bobba’anii qabeenya akka horatan taassisaa jira jedhaniiru. Irra caalaatti fayyadamoo carraa hojii uumuu ta’uurra darbee bu’aa qabeessa akka ta’an gochuuf leenjiiwwan adda addaa akka fudhan taassifamaa jiraachu dubbataniiru. Guyyaa har’aa Magaalaa Finfinnee kutaa Magaalotaa Aqaaqii qaallittii, Ekkaa fi Qiirqoositti Gamoowwan ijaaraman lammiilee fayyadamtoota sagantaa saaftineetii turaniif dabarfamee kennamuu ibsaniiru. Walii gala guyyaa har’aa Intarpiraayizoota 292 fi bakka bu’oonni maatiiwwanii 976 fayyadamoo carraa hojii ta’uusaanii ibsaniiru. Haaluma wal-fakkaatuun Kantiibaa Adaanach Abeebee lammiilee galii gad aanaan jiraataaniif Mana Jireenyaa Kutaa Magaalaa Lidataa dabarsanii kennaniiruuf.
Saayinsii fi teeknooloojii
Leenjiin Koodarsii kenna Tajaajila Mootummaa Ammayyeessuuf nu deeggareera– Hojjettoota
Dec 12, 2025 159
Mudde 3/2018(TOI)-Leenjiin Koodarsii kenna Tajaajila Mootummaa Ammayyeessuuf isaan gargaaruusaa hojjettootni mootummaa Godina Gujii ibsan. Naannoo Oromiyaa Godina Gujiitti hojjettoonni Mootummaa Magaalaa Adoolaa Leenjii Itiyoo koodarsii fudhatan keessaa Guddataa Gammadaa tokko. Leenjichi teekinooloojiin of gahoomsuun maamiltootaaf tajaajila si’ataa kennuuf humna dabalataa akka ta’u dubbateera. Leenjichaan beekumsa Saayinsii kompiitaraa fi hubannaa namtolchee argagachuu milkaa’ina hojiif akka isa gargaare ibseera. Yaada dargagoo Gammadaa kan qooddatan immoo hojjetaan mootummaa kan biraan Dargaggoo Dastaa Halakee gamasaan, leenjichi beekumsaa fi teekinooloojii qindeessuun dandeettii dorgommi guddifachuu dubbateera. Leenjicha Xumuruun Waraqaa ragaa fudhachuusaa ibsuun, leenjichi gahumsaa fi dorgomummaa lammiilee guddisuun hojii fooya’aaf kaka’umsa kan uumudha jedheera . Carraa kanatti fayyadamuun hoj-maata ammayaa’aa hojiirra oolchuuf beekumsaa fi dandeettiin ga’oomuuf namni hundi leenjicha fudhachuun misooma biyyaaf qoodasaa bahuu akka qabu muuxannoosaa qoodeera. Waajjira Sivilsarvisii Godinichaatti Dursaan garee misooma humna namaa Biiluu Sorsaa Beekumsaa fi dandeettii hojjettoota Mootummaa guddisuuf hojjettoota kuma 25 leenjii Itiyoo Koodarsi akka fudhataniif karoorfamuu ibsaniiru. Leenjichi Dinagdee Dijiitaalaa Ijaaruuf tattaaffii taassifamu kan deeggaru ta’uu eeruun hanga ammaatti godinichatti hojjettoonni kuma 23 fi 456 leenjicha xumuranii waraqaa ragaa fudhachuusaanii eeraniiru. Leenjichi hojjettoonni Mootummaa Teekinooloojii Addunyaa waliin wal beeksisuun hojmaata gahoomee fi dorgomaa akka hordofan karoorfamuu ibsaniiru. Kunis teekinooloojiin deeggaramuun fi tajaajila si’ataa kennuuf kan gargaaru ta’u hubachiisaniiru.
Finfinneetti tajaajiloota itti quufinsa ummataa guddisan qaqqabamaa taasisuuf hojiin hojjetamu cimee itti fufa-Kantiibaa Adaanech Abeebee
Dec 11, 2025 171
Mudde 2/2018(TOI)-Finfinneetti tajaajiloota itti quufinsa ummataa guddisan qaqqabamaa taasisuuf hojiin hojjetamu cimee akka itti fufu Kantiibaa Adaanech Abeebee ibsan. Kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee gamoolee bulchiinsa aanaa Ismaarti ta’an kan magaalattiitti kenniinsa tajaajilaa saffisiisan eebbisanii hojii eegalchiisaniiru. Gamooleen bulchiinsaa eebbifaman kutaa magaalaa Lidataa aanaa 2, kutaa magaalaa Laaftootti aanaa 12 fi aanaa 1 tti argamanidha. Gamooleen kunneen tajaajiloota mootummaa garagaraa karaa walsimee fi saffisaan qaqqabsiisuuf kan dandeessisan yoo ta’u biirolee tajaajila kennan, galmoota wal gahii fi bkka konkolaataan dhaabatu kan of keessaa qabanidha. Gamoowwan kunneen bakka daa’imni keessa turan, bakkeewwan magariisaa dabalatee tajaajiloota mijataa qama miidhamtootaaf kennuu dandeessisan ta’uu saganticharratti ibsameera. Kantiibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka jedhanitti,tajaajila ummata guddachaa dhufeef tajaajila madaalawaa kennuu kan dandeessisan yeroon gaafatu qaqqabsiisuun amma jedhaniiru. Bulchiinsi tajaajila si’ataa fi walsimate kennuuf hojii hojjetu cimsee itti fufuusaa ibsaniiru. Gamooleen tajaajila Ismaartii kennan kan har’a bakka sadiitti eebbifaman agarsiiftuu tattaaffii kanaati jedhaniiru. Tajaajila kennamu caalaatti bu’a qabeessa akka ta’u gamoo jaaruun gamatti ijaarsa human namaaf xiyyeeffannoon guddaan kennamuu ibsaniiru. Tajaajila kennitoonni ogummaa fi ilaalchaan akka ciman hojjetamaa jiraachuu eeranii, gama Kanaan miseensonni hooggansa magaalaa waan irraa eegamu bahachuu akka qaban cimsanii kaasaniiru. Gamoowwan tajaajila Ismaartii kennan kan har’a eebbifaman irraa jalaan kutaalee magaalaa birootti akka babal’atan mirkaneessaniiru.
Sirni kaffaltii dijiitaalaa Itiyoophiyaa hirmaachisummaa faayinaansii mirkaneessuun biyyoota Afrikaaf fakkeenya ta’uu kan danda’u dha
Dec 11, 2025 168
Mudde 02/2018(TOI)- Sirni kaffaltii dijiitaalaa Itiyoophiyaa hirmaachisummaa faayinaansii mirkaneessuun biyyoota Afrikaaf fakkeenya ta’uu kan danda’u dha jechuun ibsan Barreessaa Olaanaan Naannoo Daldala Walaba Ardii Afrikaa Waamkeelee Meenee. Daldala biyyoota Afriikaa mijeessuuf maallaqa waloo hojiirra oolchuun barbaachisaa ta’uus cimsanii dubbataniiru. Yaa’iin Waggaa Kaffaltii Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2ffaa gaggeeffameera. Barreessaa olaanaan naannoo daldala walaba ardii Afrikaa Waamkeelee Meenee yaa’icha irratti akka jedhanitti, daldala Afrikaa keessaa waggaatti doolaara biiliyoona shan ta’u bittaa fi gurgurtaa raawwatamu haala mijeessuudhaan galma maallaqa waloo qabame ardii kanaaf galmaan ga’uuf gumaacha olaanaa akka qabu ibsaniiru. Barreessaan olaanaan kuni akka jedhanitti daldalli ardii kanaa maallaqa qaama sadaffaatiin kan gaggeeffamu yoo ta’u, kunis lammiilee Afrikaa baasii hin barbaachifneef saaxilaa jira. Daldala biyyoota Afrikaa gidduutti adeemsifamu baasii kan qusatu, ammayyaa fi saffisaa taasisuuf maallaqni waloo ardii hojiirra ooluu akka qabu ibsaniiru. Daldala ardii kanaa keessattis sirni saffisa qabu kan biyyoonni maallaqa ofiitiin daldala gaggeessan diriiruu akka qabu ibsaniiru. Naannoon Daldala Walaba Ardii Afrikaas sirna daldala biyyoota Afrikaa gidduu jiru haala mijeessuuf yaada uumuun gahee isaa bahachaa akka jiru ibsaniiru. Itiyoophiyaan jijjiirama dijitaalaa irratti guddina milkaa’aa agarsiisaa akka jirtus barreessaan onaanaa kuni hubachiisaniiru.
Miidiyaaleen Faayidaa biyyoolessaa eegsisuu fi Ijaarsa Seenessa walorratti xiyyeeffannoon hojjechuu qabu
Dec 11, 2025 126
Mudde 2/2018(TOI)- Miidiyaaleen Faayidaa biyyoolessaa eegsisuu fi Ijaarsa Seenessa walorratti xiyyeeffannoon hojjechuu akka qaban Mana Maree bakka bu’oota ummataatti walitti qabaan Koree dhaabbataa Dhimmoota Dimokiraasii Unatuu Allanaa ibsan. Miidiyaan sirna Dimokiraasii dagaagsuuf, iftoominaa fi itti gaafatamummaa mirkaneessuuf, Hawaasa dammaqee fi guddina Dinagdee mirkaneessuuf , dhaqqabamummaa odeeffannoo fi barsiisuun qooda olaanaa qabaachuun ni beekkama. Mana Maree Bakka bu’oota ummataatti walitti qabaan Koree dhaabbataa Dhimmoota Dimokiraasii Iwunatuu Allanaa TOI’f akka ibsanitti, Itiyoophiyaatti hojiiwwan Aadaa Dimokiraasii dagaagsan, tokkummaa cimsanii fi faayidaa biyyoolessaa eegsisan hojjetamaa jiru. Ijaarsa Sirna Dimokiraasii keessatti yaadni caalmaa fi hedduumminni murteessaadha kan jedhan walitti qabaan kun, kanaafis shoora Miidiyaa guddisuuf hoj-maanni mijataan diriirfamuu dubbataniiru. Kanaafis odeeffannoowwan tamsa’an faayidaa biyyoolessaa kan hin miine, waloomaa fi tokkummaa ummattootaa kan hin diigne ta’uu qaba jedhaniiru. Miidiyaan qabiyyee dabarsu irratti garaagarummaan jiraachuun akka hin oolle ibsuun, ergaawwan darban ka’umsa walitti bu’insaa, akka hin taane of eeggachuu akka qaban hubachiisaniiru. Itiyoophiyaanonni kabaja biyyaa fi faayidaa biyyoolessaaf tokkummaa fi ejjennoon akka hiriiran Injifannoon Adawaa mallattoo barri hin jijjiirredha kan jedhan dura taa’aan kun keessuma dhimmicharratti garaagarummaan jiraatanis biyya dursuu qabu jedhaniiru. Miidiyaan faayidaa biyyoolessaa eegsisuu fi ijaarsa seenessa waloorratti xiyyeeffannoon hojjechuu akka qaban cimsanii ibsaniiru.
Ispoortii
Tapha Piriimar Liigichaatiin Cheelsii fi Livarpuul injifataniiru
Dec 13, 2025 147
Mudde 4/2018(TOI)- Tapha Piriimar Liigii Ingiliz turban 16ffaatiin har’a eegalameera. Tapha Istaadiyeemii Istaamfoorditti gaggeeffameen Cheeliin 2 fi 0’n Evertaniin mo’ateera. Cheelsiin qabxii 28’n sadarkaasaa gara afraffaatti guddifateera. Everten qabxii 24’n saddettaffaarra jira. Tapha biraatiin Livarpuul 2 fi 0’n Biraayitaniin mo’ateera. Akkaataa qabxii kanaatiin mo’ataan Liigichaa kan yeroo Liivarpuul qabxii 26’n jahaffaa, Biraayiten qabxii 23’n sadarkaa jahaffaa, Biraayiten qabxii 23’n saglaffaarratti argamu. Halkan sa’aatii 5tti Liigicha dursaa kan jiru Arsenaal Wolvis waliin Istaadiyeemii Emereetisitti ni taphatu. Sana dura Barnileeyi Fulhaam waliin sa’aatii 2;30tti ni taphatu.
Lammii fayya buleessaa fi oomishuu danda’u horachuun omishaa fi omishtummaa guddisuuf sosochii ispoortii barsiifata gochuu qabna
Dec 13, 2025 88
Mudde 4/2018(TOI)- Lammii fayya buleessaa fi oomishuu danda’u horachuun omishaa fi omishtummaa guddisuuf sosochii ispoortii barsiifata gochuun akka barbaachisu himame. Korporeeshiniin misooma paarkiiwwan Industirii dirree Ispoortii zoonii dinagdee addaa Qilinxootti ijaarsise eebbisiiseera. Hojii raawwachiisaan olaanaa korporeeshinii misooma paarkiiwwan Industirii Dr. Fissahaa Yittaagasuu akka dubbatanitti, Ispoortiin walitti dhufeenya hawaasaa cimsuun aadaa waliin hojjechuu kan gabbisudha. Industiriiwwan oomishaalee garagaraa oomishuuf hojiilee hojjetu bu’a qabeessa gochuuf humni namaa oomishuu danda’u murteessaadha jedhaniiru. Humna namaa qaban sirnaan itti fayyadamuuf, bu’a qabeessa gochuu fi omishaa fi omishtummaa guddisuuf lammii omishaa fayyaansaa eegame ijaaruun diqama ta’uu hubachiisaniiru. Dirreen Ispoortii zoonii dinagdee addaa Qilinxoo keessatti ijaarame hojjettoonni zoonii dinagdichaa fi hawaasni naannawichaa kan itti fayyadamu ta’uu beeksisaniiru. Hojii gaggeessaan olaanaa zoonii dinagdee addaa Qilinxoo Tolasaa Badhaadhaa gamasaaniin, dirreewwan Ispoortii kun hojjettoonni Ispoortii hojjechuun fayyaasaanii akka eegan ni taasisu jedhaniiru. Dirreen Ispoortii kun kubbaa miilaa fi kubbaa kochoo dabalatee akaakuuwwan Ispoortii biroo hojjechuuf kan oolan akka ofkeessaa qabu eeraniiru. Hogganaan waajjira federeeshinii kubbaa koochoo Finfinnee Alamneh Siyyum akka biyyaatti hawaasa fayya buleessa uumuuf babal’achuun dirree Ispoortii gumaacha olaanaa qaba jedhaniiru.
Dursaan liigichaa Arsenaal Wolvis waliin ni tapahata
Dec 13, 2025 136
Mudde 4/2018 (TOI) – Piriimar liigii Ingiliz torbee16n har’a eegala Galgal sa’aatii 5:00tti Arsenaal Wolvisiin Istaadiyeemii Emireetisitti keessummeessa. Liigicha Arsenaal qabxii 33’n dursaa kan jiru yoo ta’u, Woolvis qabxii 2n sadarkaa gad aanaa isa dhumaa 20ffaa qabateera. Bara Dorgommichaan Arsenaal taphoota 15iin gaggeesseen 10n yoo injifatu yeroo lama mo’amee taphoota hafan 3n qixa baheera. Morkataansaa Woolvis ligiichaan hanga ammaatti tapha kamiyyuu hin injifanne. Woolvis 13n yoo mo’amu yeroo lama qixaan adda baheera. Taphoota 15n gaggeesseen galchii 8 yoo lakkoofsisu galchii 33 keessummeesseera. Arsenaal torban 15ffaan Astonviilaan erga mo’amee booda gara injifannootti deebi’uuf ni taphata. Piriimiyeer liigichaan bara dorgammii ulfaataa dabarsaa kan jiru Wolviis liigichaan yeroo jalqabaaf qabxii 3 argachuuf qormaata cimaan isa eeggata. Arsenaal Taphicha Injifachuuf tilmaama guddaa kan argate yoo ta’u garaagarummaa qabxii Maanchistar Yunayitid waliin qaban gara 5tti ol guddisa. Roobert Joonsi nama umurii waggaa 38 Taphicha Abbaa Seerummaan gaggeessu. Sagantaawwan biroon Chelsiin Everteni waliin fi Liivar puul Biraayiten waliin sa’aatii wal fakkaataa galgala sa’aatii 12tti ni taphatu. Bernileey Fuulhaam waliin galgala sa’aatii 2:30tti ni taphatu.
Taphni Hawwiin eegamaa ture Maanchisteer Siitiin Riyaal Maadriidiin injifate
Dec 11, 2025 245
Mudde2/2018(TOI)- Sagantaa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaan taphni hawwiin eegamaa ture Maanchisteer Siitiin Riyaal Maadiriidiin 2 fi 1n injifate. Tapha galgala Istaadiyeemii Saantiyaagootti gaggeeffameen Niikoo Ora’iyiliin galchii galcheen , Arlingiton Haaland ammoo rukkuttaa adabbiitiin galchii injifannoo lakkoofsiseera. Roodirigoon galchii tokkicha Riyaal Maadiriidiif galcheera. Taphicharrattii Maanchisteer Siitiin walakaa jalqabaarrattii fi Riyaal Maadiriid walakkaa lammaaffaarratti caalmaa fudhatanii taphataniiru. Bu’aasaa hordofuun Maanchisteer Siitiin qabxii 13n Sadarkaasaa gara 4ffaatti ol guddiseera. Injifataan dorgommichaa yeroo 15ffaa Riyaal Maadiriid qabxii 12n sadarkaa 8ffaa qabateera. Arliingi Haalaand Shaampiyoonsi Liigiin taphoota 50n galchii 51 kan lakkoofsise taphataa jalqabaa ta’ee rikaardii haaraa galmeessiseera. Sagantaa biroon kilabiin Arseenaal Biruuzyiyaa 3 fi 0 injifateera. Tapha Istaadiyeemii Jaan Bireeyideelitti gaggeeffameen, Noonii Maduweekee galchii lama yoo lakkoofsisu Gabri’eel Martineliin galchii hafe lakkoofsiseera. Arsenaal qabxii 18n dursummaasaa mirkaneeffateera. Arsenaal Shaampiyoonsi Liigichatti taphoota hunda injifachuu danda’aniiru. Kilabiin Biruuzyiyaa qabxii 4n sadarkaa 31 qabateera. Injifataan yerichaa PSG Atileetikoo Biilbaa’oo waliin galchii malee qixaan adda bahaniiru. Juveentus galchii Jonatan Deevidii fi Weestoon Maakeeniin galchaniin Paafoos 2 fi 1n injifate. Benefiikaan Napooliin 2 fi 0 injifateera. Baayer Leeverkusen Niwuukaastil Yunaayitidii waliin ,Boruushiyaan Doortimundiin Boodoo Gilimti waliin haala walfakkaatuun 2 qixaan adda ba’aniiru. Tapha har’a dursee gaggeeffameen Ayaakis Karabagin 4 fi 2 Kopenhagen Viyariyaaliin 3 fi 2n injifateera
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Bara kanatti kunuunsa qabeenya uumamaa fi misooma bishaan kuufamaan lafti heektaara miiliyoona 4.6 ni misooma- Ministeera Qonnaa
Dec 14, 2025 26
Mudde 5/2018(TOI)- Bara kanatti kunuunsa qabeenya uumamaa fi misooma bishaan kuufamaan lafti heektaara miiliyoona 4.6 ni misoomfama jedhe Ministeerri Qonnaa. Ministeera Qonnaatti hojigaggeesaan Olaanaa Misoomaa fi Itti Fayyadama Qabeenya Uumamaa Faanosee Mokonnon akka jedhanitti, kunuunsa qabeenya uumamaa fi misoomni qindaa’aan bishaan kuufamaa hawaasa biratti aadaa ta’aa jira. Hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii waggaa waggaan naannoolee biyyattii hunda keessatti sosochii hawaasaatiin gaggeeffamaa jiraachuu ibsaniiru. Hojiin kunuunsa qabeenya uumamaa lafa manca’e damdamachiisuuf, dhiqama biyyee ittisuuf, gabbina biyyee dabaluufi oomishaafi oomishtummaa guddisuuf gargaaraa jira jedhan. Kanarra darbees, dargaggoonni gurmaa’uun kuduraalee fi muduraalee oomishuun, fayyadamummaan diinagdee isaanii dabalaa jiraachuus ibsaniiru. Duulli Kunuunsaa fi Misooma Qabeenya Uumamaa bara kanaa baatii Amajjii keessa akka biyyaatti ifatti akka eegalu eeruun, kanaafis qophiin xumuramaa akka jiru hubachiisaniiru. Bara kana lafti heektaara miiliyoona 4.6 hojii kunuunsa qabeenya uumamaa bishaan kuufamaa kuma 21 keessatti akka misoomu ibsaniiru. Hojii kunuunsa qabeenya uumamaa sosochii uummataatiin gaggeeffamu, waggaa waggaan giddu galeessaan uummanni miiliyoona 14 ol akka hirmaatu himaniiru. Hawaasni yeroo isaa, anniisaa fi qabeenya isaa aarsaa gochuun, waggaatti giddu galeessaan birrii biiliyoona 18 ol gumaachuu ibsaniiru. Madaallii uumamaa eeguu fi jijjiirama qilleensaa ittisuu keessatti bulchiinsi qabeenya uumamaa barbaachisummaa guddaa waan qabuuf, kutaaleen hawaasaa hundi duula sosochii kanaa irratti akka hirmaatan waamicha dhiyeessaniiru.
Guyyoota kurnan dhufan keessatti naannoolee biyyattii adda addaatti halkanii fi ganama haalli qillensa qorraa cimaan ni mudata - Inistiitiyuutii Meetirooloojii Itiyoophiyaa
Dec 12, 2025 228
Mudde 03/2018(TOI)- Guyyoota kurnan dhufan keessatti naannoolee biyyattii adda addaatti halkanii fi ganama haalli qillensa qorraa cimaan ni mudata jedhe Inistiitiyuutiin Meetirooloojii Itiyoophiyaa. Inistiitiyuutiin Meetirooloojii Itiyoophiyaa akka beeksisetti qorri halkanii fi ganamaa naannoo Kaaba biyyattii, bahaa, Giddu Galeessaa fi Kibbaa keessatti haalaan qorri cimaa akka ta’u beeksiseera. Inistiitiyuutiin Meetirooloojii Itiyoophiyaa, ibsa TOIf ergeen, naannoolee biyyattii irra caalaan haala qilleensaa goggogaa, aduu fi qilleensi bonaa bubbee qabu akka mul’atu beeksiseera. Raagaan haala qilleensaa akka agarsiisutti, qilleensi goggogaa fi qorraa sababa dhiibbaa qilleensaa olaanaa Saayibeeriyaa irraa gara biyya keenyaatti bubbisu jiruuf, guyyoota kurnan dhufan keessatti cimee itti fufa jedhe. Raagaan haala qilleensaa akka agarsiisutti naannoo tokko tokkotti qorri digrii seelshiyeesii shanii gadi akka bu’u ni mul’isa. Kanaafuu Kaaba, Kaaba Bahaa,Baha biyyattii, giddugaleessaa fi kibbaa lafa Gammoojjummaa keessatti qorri halkanii fi ganama haalaan cimaa akka ta’u ibsaniiru. Akkasumas darbee darbee naannoolee tokko tokkotti cimaa ta’ee naannoo tokko tokkotti qorra fixeensa qabu akka fidu ibseera. Godinaalee kibbaa fi kibba bahaa biyyattii keessatti naannoleen muraasni yeroo rooba bonaa isaanii isa lammaffaa keessa jiran rooba salphaa akka argatan himameera. Akkasumas raagaan haala qilleensaa akka agarsiisutti, kutaalee biyyattii kaaba dhihaa, dhihaa fi kibba dhihaatti darbee darbee rooba salphaan akka roobu ibsaniiru. Ragaan tilmaama lakkoofsaa akka agarsiisutti yeroo kanatti bishaan kuufamaa irra caalaan haala qilleensaa goggogaa akka mudatu himaniiru.
Sagantaan Ashaaraa Magariisaa oomishaa fi oomishtummaa guddisuun wabii nyaataa mirkaneessuuf tattaaffii taasifamaa jiru qabatamaan deeggaraa jira
Dec 11, 2025 133
Mudde 02/2018(TOI)- Sagantaan Ashaaraa Magariisaa oomishaa fi oomishtummaa guddisuun wabii nyaataa mirkaneessuuf tattaaffii taasifamaa jiru qabatamaan deeggaraa jiraachuu Ministeerri Qonnaa ibse. Sagantaan Ahaaraa Magariisaa kaka’umsa Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimadiin jalqabame, jijjiirama qilleensaa ittisuuf tattaaffii addunyaan taasisaa jirtu keessatti gumaacha olaanaa bahateera jedhame. Sagantaan kun fayyadamummaa dhaloota ammaa kan mirkaneesse; dhaloota egereef ammoo abdii kan kenne yoo ta’u, carraa hojii uumuu fi wabii nyaataa mirkaneessuu keessattis gahee isaa ba’ataa jira. Kanaaf yaa’ii haala qilleensaa addunyaa (COP-32) Biraazil magaalaa Beelam keessatti gaggeeffame irratti Itiyoophiyaan konfiraansii haala qilleensaa addunyaa 32ffaa (COP-30) keessummeessuuf filatamuun ishee ni yaadatama. Ministeera Qonnaatti hojii gaggeessaa Misoomaa fi itti Fayyadama Qabeenya Uumamaa fi Barreessaan Koree Teeknikaa Biyyaalessaa Sagantaa Ashaaraa Magariisaa Faanuusee Mokonnon akka jedhanitti, Sagantaan Ashaaraa Magariisaa Itiyoophiyaa wabii nyaataa mirkaneessuuf tattaaffii gochaa jirtuuf deebii qabatamaa kennaa jira. Waggoota torba darban keessatti biqiltuun biiliyoona 48 ol kan dhaabame yoo ta’u, kana keessaa dhibbeentaan afurtama kan biyya keessaa ta’uu eeruun, kanneen hafan ammoo gosa adda addaa akka ta’anis beeksisaniiru. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa dhiqama biyyee hir’isuun,gabbina biyyee eeguun,oomishaafi oomishtummaan haala olaanaan akka dabalu gumaacha guddaa buuseera jedhani. Akkasumas burqaan lafa jalaa dabaluun, misooma jallisiif shoora olaanaa bahachaa jiraachuu ibsaniiru. Waggoota darbanitti kuduraalee fi muduraalee nyaataaf oolan dabalatee biqiltuuwwan biroo bal’inaan kan dhaabaman, galii maatii fi soorata maatii fooyyessuu keessatti gahee olaanaa akka qaban eeraniiru. Biqiltoonni sagantaa Ashaaraa Magariisaan dhaabaman bosona ta’aa akka jiran, kunis oomisha dammaaf haala mijataa uumuun, namoota horsiisa kanniisaa irratti bobba’aniif faayidaa olaanaa qaba jedhaniiru. Itti dabaluunis dameelee hedduu irratti carraa hojii bal’aa uumuun keessumattuu dargaggootaafi dubartootaaf dinagdee isaani guddisaa jiraachuu eeraniiru. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa naannoowwan hongeef saaxilamoo fi lafa qullaa hafan gara naannoo oomishaatti jijjiiruun wabii nyaataa mirkaneessuun gumaachaa akka jiru hubachiisaniiru.
Itiyoophiyaan COP 32 akka qopheessitu filatamuunshee bu’a qabeessummaa hojiilee dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaa damdamachuuf dandeessisanii kan agarsiisanidha
Dec 10, 2025 153
Mudde 1/2018 (TOI)- Itiyoophiyaan yaa’ii haala qilleensaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii (COP 32) akka qopheessitu filatamuunshee bu’a qabeessummaa hojiilee dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaa damdamachuuf dandeessisanii kan agarsiisu ta’uu Itiyoophiyaatti dubbii raawwachiisaan embaasii Jarman Dr. Fardiinaandi Voon Weeyih ibsan. Sagantaan ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaa yaada ministrri muummee Dr. Abiyyi Ahimad maddisiisaniin bara 2011 eegalame nageenya lafa naannawaa eegsisuun gumaacha olaanaa taasisaa jira. Kana hordofuun Itiyoophiyaan yaa’ii haala qilleensaa addunyaa 30ffaa Biraaziil Baallamitti gaggeeffamerratti yaa’ii haala qilleensaa addunyaa 32ffaa(COP 32) akka keessummeessitu filatamuunshee niyaadatama. Itiyoophiyaatti dubbii raawwachiisaan embaasii Jarman Dr. Fardiinaandi Voon Weeyih TOI’f akka ibsanitti, hojiilee humna hayidiroo elektiriikii, ashaaraa magariisaa fi misooma magariisaa biroon hojjetamaniin bu’aaleen qabatamaa galmaa’aniiru. Itiyoophiyaan dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaa damdamachuuf hojiin hojjechaa jirtu rakkinicha ittisuuf kutannoo qabdu akka agarsiisu dubbataniiru. Itiyoophiyaatti hojiileen damee dinagdee magariisaan, human haaromfamuu fi misooma bosonaan hojjetaman Itiyoophiyaan yaa’ii COP 32 qopheessuuf akka filatamtu gumaachuusaa ibsaniiru. Yaa’iiwwan jijjiirama haala qilleensaa biyyootaa fi sadarkaa idil addunyaatti gaggeeffamaniin hirmaannaan guddaa Itiyoophiyaan qabdu filatamuusheef ulaagaalee gargaaran keessatti akka eeraman ibsaniiru.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 871
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan. Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru. Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru. Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.
Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifama
Dec 7, 2024 9497
Sadaasa 27/2017(TOI) - Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu Humni Elektiriikii Itoophiyaa beeksise. Har'a galgala kana tasgabbii dhabuu sistamaatiin rakkoo mudateen guutuu biyyattiitti humni elektirikii addaan citeera. Rakkoo kana hiikuufi humnicha deebisuuf buufatalee maddoota humnaafi raabsaatti tattaaffiin olaanaa taasifamaa jira. Rakkoo umame Humni Elektiriikii Itoophiyaa hiikee hanga bakkasaatti deebisutti obsaan akka nu eegdan kabajaan gaafachaa, odeeffannoowwan jiran hatattaamaan kan isiniin biraan geenyu ta'a jechuun Tajaajilli Elektiriikii Itoophiy karaa miidiyaa hawaasummaa isaa beeksiseera.