ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Itiyoophiyaan deeggarsa gamtaa Afriikaa fi ajandaawwan Ardii Afriikaaf gootu cimsitee itti ni fufti-Ambaasaaddar Lamlam Fissahaa
Jun 3, 2026 437
Caamsaa 26/2018 (ENA)- Itiyoophiyaan deeggarsa gamtaa Afriikaa fi ajandaawwan Ardii Afriikaaf gootu cimsitee akka itti fuftu ambaasaaddar Lamlam Fisahaa ibsan. Dura taa’aan komishinii gamtaa Afriikaa Mahaammud Alii Yuusuuf gamtaa Afriikaatti errgamtuun dhaabbataa Itiyoophiyaa haaraa ta’uun kan muudaman xalayaa muudamaa ambaasaaddar Lamlam Fissahaa har’a fudhataniiru. Dura taa’aan kun ambaasaaddar Lamlam Fissahaatiin baga gammaddan jechuun ergaa kan dabarsan yoo ta’u muuxannoo fi hoggansi ambaasaaddaritti tumsa Itiyoophiyaa fi gamtaa Afriikaa jidduu jiru caalaatti akka cimsu ibsaniiru. Deeggarsa fulla’aa Itiyoophiyaan gamtichaaf gochaa jirtu kan dinqisiifatan dura taa’aan kun, adeemsi filannoon walii galaa Itiyoophiyaatti gaggeeffame naga qabeessaa fi sirna eegee gaggeeffamuusaa galateeffataniiru. Qaamoleen lamaan taateewwan riijinii fi idil addunyaarratti akkasumas ajandaawwan gamtichaa ijoorratti yaada bal’aa kan wal jijjiiran yoo ta’u, galmoota gamtichaa milkeessuu fi gufuulee Afriikaa mudatan qolachuuf komishinichi Itiyoophiyaa waliin walitti dhiheenyaan hojjechuuf qophii ta’uusaa dura taa’aan kun mirkaneessaniiru. Ambaasaaddar Lamlam Fissahaa gamasaaniin gaggeessummaa dura taa’ichaa dinqisiifatanii, Itiyoophiyaan gamtaa Afriikaa fi ajandaawwan Ardichaaf deeggarsa taasiftu cimsitee itti fufti jedhaniiru. Mootummaan Itiyoophiyaa komishinicha waliin walitti dhiheenyaan hojjechuuf qophii ta’uusaa odeeffannoon gamtaa Afriikaarraa arganne ni mul’isa.
Itiyoophiyaanonni Filannoo milkaa'aa fi nagayaa ijaarsa sirna dimokiraasiitiif boqonnaa haaraa bane gaggeessaniiru
Jun 3, 2026 248
Caamsaa 26/2018(ENA)-Filannoon walii galaa 7ffaan, Itiyoophiyaanonni kutannoo sirna dimokiraasii ijaaruuf qaban gochaan agarsiisuun boqonnaa haaraa kan bane, milkaa'aa fi nagaa akka ture gareen jila taajjabdoota waloo filannoo Gamtaa Afrikaa fi IGAD beeksisaniiru. Gamtaan Afriikaa fi IGAD, filannoo walii galaa Itiyoophiyaa 7ffaa ilaalchisee kutaalee biyyattii garaa garaa keessatti taajjabdoota bobbaasuun waan taajjaban irratti gabaasa bu'aa jalqabaa irratti ibsa waloo kennaniiru. Pirezidantiin duraanii Keeniyaa fi hogganaan garee taajjabdoota filannoo Gamtaa Afrikaa Uhuruu Keeniyaataa fi Itti anaan pirezidaantii Yugaandaa duraanii_fi hogganaan garee taajjabdoota filannoo IGAD Doktora Ispeesiyoozaa Waandiiraa Kaaziibwee ibsa waliinii kennaniiru. Hogganaan garee taajjabdoota filannoo Gamtaa Afrikaa Uhuruu Keeniyaataa akka ibsanitti; Mootummaan Itiyoophiyaa sirna dimokiraasii ijaaruu cimsuuf hojii dinqisiisaa hojjateera. Adeemsi kenninsa sagalee filannoo walii galaa Itiyoophiyaa 7ffaa seera biyyaalessaa fi hammattoo seera Idil-Addunyaa hordofuun milkiin xumuramuusaa mirkaneessaniiru. Qophii filannoo fi adeemsa sagalee kennuu keessatti hojiiwwan tekinoolojii dabalatee raawwataman, adeemsa sagalee kennuu ariifachiisuurratti milkaa'aa akka ture ibsaniiru. Sa'aatiin sagalee kennuu dheerachuun isaa filattootaaf carraa dabalataa kan kenne yoo ta'u, qaama miidhamtootaaf, maanguddootaaf fi kutaalee hawaasaa garaa garaatiif adeemsa sagalee kennuu keessatti dursi kennamuun isaa hirmaannaa lammiilee akka gaariitti kan mirkaneesse ta'uu ibsaniiru. Guutuu Itiyoophiyaa keessatti raawwachiistonni filannoo fi qaamoleen nageenyaa itti gaafatamummaa itti kenname akka gaariitti ba'achuu isaanii, miidiyaaleenis haaluma kanaan miira itti gaafatamummaa guddaadhaan hojii isaanii raawwachuu isaanii dinqisiifataniiru. Waliigala hirmaannaanii fi gootummaan uummanni Itiyoophiyaa filannichaan agarsiise baay'ee kan galateeffatamu ta'uu kaasaniiru. Itti aanaan pirezidantii Yugaandaa duraanii fi hogganaan garee taajjabdoota filannoo IGAD Doktora Ispeesiyoozaa Waandiiraa Kaaziibwee; miseensonni garee taajjabdoota filannoo IGAD buufataalee filannoo argaman keessatti adeemsi sagalee kennuu sa'aatii karoorfameetti jalqabameera jedhaniiru. Gareen taajjabdoota IGAD naannolee Oromiyaa, Amaaraa, Sidaamaa fi Somaalee fi magaalota Dirree Dawaa fi Finfinnee keessatti buufataalee bobba'anitti meeshaaleen filannoo raawwachiisuuf gargaaran guutamanii adeemsi sagalee kennuu iftoomina kan qabuu fi sochii filattootaatiif baay'ee mijataa akka ture beeksisaniiru. Guyyaa filannichaa buufataalee keessatti hiriirri dheeraan kan ture ta'us, boordiin filannoo sa'aatii hanga halkan sa'aatii ja'aatti dheeressuu isaa hordofuun, ummatni filataan obsa guddaa fi tasgabiidhaan sagalee isaa kennuu danda'uusaanii ibsaniiru. Humnoonni nageenyaas naannoo sana keessatti ergama ummataa isaaniif kenname ba'achuun, nageenya adeemsa filannichaatiif gumaacha guddaa fi gaarii ta'e gumaachuu isaanii dubbataniiru. Qaamoleen dhimmi ilaallatu adeemsa filannichaa keessatti itti gaafatamummaa isaanii sirriitti ba'achuun, filannoo biyyaalessaa 7ffaan Itiyoophiyaanonni kutannoo sirna dimokiraasii ijaaruuf qaban gochaan agarsiisuun boqonnaa haaraa kan bane, milkaa'aa fi nagayaa ta'uu isaa mirkaneessaniiru jedhaniiru.
Naannoo Harariitti lafa hektaara kuma 11fi 956 sanyiin facaasuuf karoorfamee hojjatamaa jira
Jun 3, 2026 223
Caamsaa 26/2018 (ENA) Naannoo Harariitti qonna Arfaasaa fi Gannaatiin waliigala lafti heektarri kuma 11 fi 956 sanyiidhaan facaasuuf karoorfamee hojjatamaa akka jiru Biroon Qonnaa naannichaa beeksiseera. Itti-Antuun Pirezidaantii Naannichaa fi hoggantuun Biiroo Misooma Qonnaa Roozaa Umar akka ibsanitti; lafa xiqqaa naannicha keessa jiru sirnaan itti fayyadamanii oomishtummaa guddisuuf hojiin qindoomina qabu hojjatamaa jira. Naannichatti bara oomishaa 2018/19 keessa Qonna Arfaasaa fi Gannaan waliigala lafa hektaara kuma 11 fi 956 midhaan akaakuuwwan adda addaatiin misoomsuuf hojjatamaa akka jiru ibsaniiru. Rooba Arfaasaatiin hanga yoonaatti lafti heektarri kuma 8 fi 681 sanyiin faca’uu eeranii, lafa hafe heektara kuma 3 fi 275 immoo rooba gannaatiin bisingaa fi qamadii dafee gahu facaasuuf hojiin qophii duraa barbaachisu hojjatamaa jira jedhaniiru. Aanaalee baadiyyaa naannichaa sadan keessatti sanyiiwwan midhaanii misoomaa jiran Bisingaa, boqqolloo fi qamadii ta'uusaaniis eeraniiru. Oomishtummaa qonna gannaa guddisuuf xaa'oon, sanyii fi dhiyeessii galteewwan qonnaa biroon qonnaan bulaaf raabsamuu isaa kan eeran Itti-Antuun Pirezidantii kun, bara oomisha kana keessa sanyiiwwan midhaanii misoomaa jiran irraa oomisha kuntaala kuma 300 walitti qabuuf karoorfamuu isaas ibsaniiru. Ogeeyyiin qonnaa sadarkaan jiran qonnan bultootaaf deeggarsa ogummaa barbaachisu taasisaa akka jiranis ibsaniiru. Kanaanis Qonnan bultoonni rooba eeggachuu irraa bilisa gochuu fi fayyadamummaa isaanii guddisuu irratti hojiin jajjabeessaan hojjatameera jedhaniiru. Fuuldurattis bu'aawwan jajjabeessoo argaman ittifufuudhaan fayyadamummaa qonnaan bultootaa mirkaneessuu fi oomishtummaa guddisuuf xiyyeffannoo guddaan kan kennamu ta'uu ibsaniiru.
Adeemsi Dimokiraasii haala qabatamaa fi muuxannoo Ardii keenyaa wajjin kan wal simate akka ta'u gochuu keessatti dhaabbileen Afrikaa gahee murteessaa bahatu – Minisira Muummee Doktar Abiyyi Ahimad
Jun 3, 2026 364
Caamsaa 26/2018 (ENA) - Adeemsi dimokraasii haala qabatamaa fi muuxannoo Ardii keenyaa wajjin kan wal simate akka ta'u gochuu keessatti dhaabbileen Afrikaa gahee murteessaa bahatu jedhan Minisitirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaanii irratti dabarsaniin, Pirezidaantii Keeniyaa duraanii Uhuruu Keeniyaataa fi waahillan hojiisaanii waliin wal arguu kootti, gammachuu guddaan natti dhaga'ameera jedhaniiru. Garee jila taajjabdoota filannoo Gamtaa Afrikaa miseensota 73 qabuu fi Uhuruu Keeniyaataatiin durfamu, tattaaffii fi gumaacha isaan adeemsa ijaararsa dimokiraasii keenyaaf taasisaniif galata guddaa dhiyeessina jedhaniiru. Adeemsi dimokiraasii haala qabatamaa fi muuxannoo Ardii keenyaa wajjin kan wal simate akka ta'u gochuu keessatti dhaabbileen Afrikaa gahee murteessaa bahau jedhaniiru Ministirri Muummee ergaa isaaniitiin. Adeemsa filannoo keenya deeggaruuf guutuu biyyattii keessatti taajjabdoota bobbaasuun tattaaffii walirraa hin cinne gareen jila taajjabdoota filannichaa taasiseef beekamtii fi dinqisiifannaa kenninuu, bu'aa guutuu kan xiinxala isaanii ni eegganna jedhaniiru.
Haalli Filannoon waliigalaa 7ffaan Itiyoophiyaa keessatti geggeeffame dinqisiifatamaadha - garee taajjabdoota Filannoo Gamtaa Afriikaa fi IGAD
Jun 3, 2026 330
Caamsaa 26/2018 (ENA)-Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa filannoo walii galaa 7ffaa gaggeessuuf taasisee fi dandeettiin inni filannicha itti raawwachiisee kan dinqisiifatamu ta'uu hogganoonni garee taajjabdoota filannoo Gamtaa Afriikaa fi IGAD ibsaniiru. Gareen taajjabdoota filannoo walii galaa 7ffaa Gamtaa Afriikaa fi IGAD, adeemsa filannichaa ilaalchisee gabaasa gamaaggama isaanii jalqabaa irratti ibsa kennaniiru. Ibsa isaanii kanaanis, walaba ta'uun boordii filannichaa, qophiin teekinoolojii, hirmaachisummaasaa fi bulchiinsi filannichaa cimina kan qabu akka ture kaasaniiru. Kaadhimamtoonni fi filattoonni seenaa Itiyoophiyaa keessatti yeroo jalqabaatiif galmee tekinoolojiin deeggarame taasisuu isaaniis akka taajjaban eeraniiru.
Siyaasa

Gamtaan Awurooppaa fi Biyyoottan Michuu Adeemsa Filannoo Waliigalaa 7ffaa Itiyoophiyaan gaggeessite dinqisiifatan
Jun 3, 2026 433
Caamsaa 26/2018 (ENA)- Gamtaa Awurooppaa fi biyyoottan michuu adeemsa filannoo waliigalaa 7ffaa Itiyoophiyaan Caamsaa 24 bara 2018 gaggeessite dinqisiifataniiru. Embaasiiwwan biyyoota miseensa gamtichaa kanneen teessoon isaanii Finfinnee ta’e, akkasumas Embaasiiwwan Kanaadaa, Norweeyii fi Siwiizarlaandi Itiyoophiyaa keessa jiran waa’ee filannichaa ilaalchisee ibsa waloo baasaniiru. Ibsa isaaniitiinis, Boordiin Filannoo Biyyaalessa Itiyoophiyaa, raawwachiistonni filannoo, paartileen siyaasaa, kaadhimamtoonni fi dhaabbileen siivilii filannoon waliigalaa kun milkiidhaan akka raawwatamuuf gumaacha taasisan dinqisiifataniiru. Biyyoonni kunniin Gamtaan Afrikaa fi IGAD gahee taajjabdummaa filannicha irratti qaban beekamtii kennuu isaaniis mirkaneessaniiru.
Adeemsi Fillannoo Sirni dimokiraasii akka dagaagu taasiseera – Gamtaa Mana maree paartilee siyaasaa Naannoo Hararii
Jun 3, 2026 512
Caamsaa 26/2018 (ENA)- Adeemsi filannoo waliigalaa 7ffaan sirni dimokiraasii akka dagaagu taasiseera jechuun gamtaan Mana Maree Paartilee Siyaasaa Naannoo Hararii beeksise. Gamtaan Mana marichaa adeemsa filannoo waliigalaa 7ffaa ilaalchisee miidiyaaleef ibsa kenneera. Walitti qabduun mana marichaa Aadde Hasannat Muummee ibsa kanaan akka beeksisanitti, adeemsa filannoo waliigalaa Kanaan hojiiwwan gaariinii fi jajjabeessoon waliin hojjetamaniiru. Filannoon waliigalaa 7ffaan paartilee siyaasaa gidduutti aadaan marii kan itti cime ta'uu eeranii, adeemsa filannichaa keessatti paartileen waliin mari'achaa fi hanqinootaaf furmaata kennaa deemuun isaanii sirni dimokiraasii akka dagaagu taasiseera jedhaniiru. Nagaa fi misooma fulla’aa biyyaatiif filannoon dimokiraatawaa ta'e murteessaa ta'uu ibsuun; paartileen dhimmoota waloo irratti mari'achuu isaaniiti fi amantaan gidduu isaaniitti mul'achaa jiru cimee itti fufuu akka qabu dubbataniiru. Fuuldurattis manni marichaa aadaan marii fi waliigaltee dhimmoota biyyaalessaa irratti jiru akka cimuuf, hojiiwwan qindoominaan hojjetu caalaatti cimsee kan itti fufu ta'uu mirkaneessaniiru.
Naannoo Oromiyaa bakkeewwan adda addaatti bu’aan filannoo yeroo maxxanfameera
Jun 2, 2026 1975
Caamsaa 25/2018 (ENA) - Naannoo Oromiyaa bakkeewwan adda addaatti Sagaleen kenname lakkaa’ame Xumuramee bu’aan qabxii yeroo maxxanfamaa jira , jiraattonnis qabxii kana ilaalaa jiru. Rippoortaroonni ENA Magaalota Gimbii, Jimma, Mattuu fi Adaamaatti irra deemanii akka ilaalanitti, qabxiin yeroo maxxanfameera . Jiraattonni Magaalota kanneenii bu’aa filannoo yeroo buufata filannootti maxxanfame ilaalaa jiru.
Tajaajilli Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa qaamolee nageenya adeemsa kenniinsa sagalee filannoo waliigalaa 7ffaan qooda isaanii bahatan galateeffate
Jun 2, 2026 1146
Caamsaa 25/2018(ENA) : Tajaajilli Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa qaamolee nageenya adeemsa kenniinsa sagalee filannoo waliigalaa 7ffaa keessatti qooda isaanii bahatan galateeffateera. Hoggantoonni olanoon Tajaajilichaa filannoon waliigalaa 7ffaan milkaa’inaan akkka xumuramuuf hoggansa tarsiimawaa kennuu ibseera. Miseensonni guutuunis bobbii itti kenname miira jaalala biyyaa olaanaan halkaniifi guyyaa hojjechuun gahee olaanaa bahachuu himeera. Faayidaa filannoon nageenya biyyaaf qabu ergama dhaabbatummaa waliin walitti hidhuun hoggantoonni gahumsa olaanaan hoggantaniifi miseensonni hojiirra oolchitan, adeemsi isaa milkaa’inaan akka goolabamuuf gaheen bahattan agarsiiftuu milkaa’ina tajaajilichaa waan ta’eef galata qabdu jedheera. Filannichi milkaa’inaan akka xumuramuuf qaamolee tasgabbii fi odeeffannoo federaalaafi naannolee tajaajilicha wajjiin tumsaan hojjetanis galateeffateera. Kutannoo fi bilchina uummanni biyyattii milkaa’ina filannoof agarsiiseefis galateeffateera. Filannichi milkaa’inaan akka xumuramuuf teeknooloojiiwwan dandeessisan misoomsuun, guuttachuunii fi hidhachuun milkaa’ina isaaf hojiirra oolchuu Tajaajilichi ibseera. Konfiransii nageenya biyyaalessaa 2ffaa dhaabbatichi qopheesseen haalota nageenyaa biyyaalessaa hanga idil-addunyaa irratti gamaaggama gaggeessuun, filannoo waliigalaa 7ffaaf qophiin gama maraa taasifamuu yaadachiiseera. Dhaabbatichi haalli filannoon boodaa naga qabeessi akka mirkanaa’uuf guutuu biyyattiitti bobbii nageenyaa fi odeeffannoo cimsee kan itti fufu ta’uu ragaan Tajaajila Nageenya Odeeffannoo Biyyaalessaa ENA’f erge ni mul’isa. Itiyoophiyaan_Filatteetti! #ENA_Afaan_Oromoo #TOI #ENA#

Hawaasummaa
Milkaa'ina Marii Biyyaalessaatiif deeggarsa keenya hunda galeessa cimsinee itti fufna
May 29, 2026 2274
Caamsaa 21/2018(ENA): Marichi walii-galtee biyyaalessaatiif faayidaa guddaa kan qabu waan ta'eef, milkaa'ina adeemsa kanaatiif gumaacha isaanii cimsuun akka itti fufan gaggeessitootnii fi miseensonni Waldaa Dubartoota Magaalaa Finfinnee ibsan. Itiyoophiyaa keessatti garaagarummaa yaadaa hidda gadi fageeffate mareen furuuf fi dhaloota yaada caalmaan amanu horachuu karoorfamee kan jalqabame mareen biyyaalessaa, yeroo ammaa kana boqonnaa haaraa fi murteessaa irra gahee jira. Komiishiniin Maree Biyyaalessaa naannolee hundatti, bulchiinsota magaalaa lamaanitti, dhaabbilee federaalaa fi lammiilee biyya alaa jiraatan biratti adeemsa walitti qabiinsa qabxii marii (ajandaa) gaggeessaa ture milkaa'inaan xumureera. Aanaarraa eegalee hanga wiirtuutti haala baay'ee ifa ta'een adeemsa raawwatame kanaan, bakka bu'oota yaa'ii biyyaalessaa guddaa irratti hirmaatan adda baasuunis xumurameera. Hirmaachisummaa qaamolee hawaasaa garaa garaa irra galtee walitti qabuu kun, komiishinichi gara yaa'ii maree biyyaalessaa guddichaatti ce’uuf bu'uura amansiisaa lafa kaa’eera. Yeroo ammaas yaa'ii seena-qabeessa kana gaggeessuuf hojiileen qophii bal'inaan hojjetamaa kan jiran yoo ta'u, kunis Itiyoophiyaan garaagarummaa ishee haala qaroominaan furuun biyya fooyya'aa ijaaruuf carraaqqii gochaa jirtu ifatti kan agarsiisudha. Pirezdaantiin Waldaa Dubartoota Magaalaa Finfinnee Aadde Innaataalam Indaalee ENAtti akka ibsanitti; waldichi maree biyyaalessaa kana irratti hirmaattota adda baasuu irraa eegalee hojiiwwan gurguddoo hojjechaa tureera jedhani. Mareen biyyaalessaa ijaarsa sirna deemokiraasii fi guddina waligalaatiif murteessaa ta'uu eeranii, ajandaawwan hirmaannaa wal-qixxummaa dubartootaa mirkaneessan dabarsanii kennuu isaanii dubbataniiru. Yaa'ii maree guddicha gara fuulduraatti gaggeeffamu irratti miira abbummaatiin mari'achuuf hojii qophii duraa hojjechaa jiras jedhaniiru. Gama biraatiin, Walitti-qabduun Waldaa Dubartoota kutaa magaalaa Boolee aadde Masarat Sorsaa, adeemsi maree biyyaalessaa hanga amma qabate walaba, ifaa fi hirmaachisaa ta'uu eeraniiru. Kanaanis lammiin hundi ajandaa kamiyyuu bilisummaan kaasaa akka turan yaadachiisaniiru. Jiraattuun Kutaa Magaalaa Nifaas Silki Laaftoo fi miseensa waldichaa kan ta'an aadde Sabilee Balaay gama isaaniitiin, adeemsi hanga ammaa hirmaannaa fi gumaacha dubartootaa gara fuulduraa kan agarsiise qofa osoo hin taane, hammataa kan ture ta'uu ibsaniiru. Pireezdaantiin Waldaa Dubartoota Magaalaa Finfinnee Aadde Innaataalam Indaalee, milkaa'ina fi bu'aa-qabeessummaa maree biyyaalessaatiif qaamoleen dhimmamtootaa fi hawaasni hundi itti-gaafatamummaa dhuunfaa isaanii haala gaariin bahachuu akka qaban dhaamaniiru. Dubartoota Finfinnee qindeessuun qooda isaanii kutannoon akka bahanis eeraniiru.
Milkaa’ina adeemsa marii biyyaalessaaf gumaachi kutaaleen hawaasaa adda addaa taasisaa jiran olaanaadha
May 28, 2026 1785
Caamsaa 20/2018 (ENA): Milkaa’ina adeemsa marii biyyaalessaaf gumaachi kutaaleen hawaasaa adda addaa taasisaa jiran olaanaadha jedhan Koomishinarri Olaanaa Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Piroofeesar Masfin Ara’ayaa. Komishiniin marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa wixinee ajandaawwan konfiraansii biyyaalessaa guddicha irratti qooda fudhattoota dhimmi ilaallatuuf dhiyaatan irratti marii galtee walitti qabuu gaggeessaa jira. Kanuma waliin Koomishinarri Olaanaan Komishinichaa Piroofeesar Masfin Ara’ayaa adeemsi ajandaa walitti qabuu milkaa’aa ta’uu ibsuun, milkaa’ina adeemsa marii kanaaf gumaachi kutaaleen hawaasaa adda addaa taasisaa jiran olaanaa ta’uu eeraniiru. Adeemsa marii kanarratti qaamonni bakka bu’ummaan hirmaatan adeemsa ajandaa walitti qabuu, akkasumas haala kanaan adeemsi ajandaa qabuu naannolee hundaafi bulchiinsa magaalota lamaan keessatti raawwatamaa tureera. Adeemsi ajandaa walitti qabuu kun hirmaannaa dhaabbilee fi waldaalee, bakka bu’oota hawaasa godinaa, paartilee siyaasaa, diyaaspooraa, dhaabbilee mootummaa fi qooda fudhattoonni biroo haala karoorfameen milkaa’inaan raawwatamuusaa ibsaniiru. Itti dabaluunis, kunis Yaa’ii Marii Biyyaalessaa dhufuuf bu’uura kaa’eera jedhan. Adeemsi marii biyyaalessaa keessatti adeemsi ajandaa walitti qabuu marsaa xumuraa irra akka jirus Komishinarri Olaanaa beeksisaniiru. Itiyoophiyaatti waliigaltee biyyaalessaa uumuuf ergama guddaan hojjechaa kan jiru Komishiniin marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa konfiraansii biyyaalessaa guddicha gaggeessuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Komishinichi adeemsa ijaarsa ajandaa kutaalee biyyattii adda addaa fi kutaalee hawaasaa keessatti raawwatamaa turan ifatti xumuree, yeroo ammaa ajandaawwan ijoo Gumii Biyyaalessaa qooda fudhattoota adda addaatiif dhiyeessuun galteewwan dabalataa walitti qabuuf adeemsa irra jira. Marsaa haaraa amma adeemsifamaa jiru kana keessatti Komishinichi wixinee ajandaalee qopheessee qindeesse qooda fudhattoota hirmaataniif dhiyeessaa akka jiru akeekaniiru. Komishiniin Marii Biyyaalessaa adeemsa ijaarsa galteewwan kana erga xumuree booda, yaada haaraa argate of keessatti hammatee, ajandaa Marii Biyyaalessaa isa dhumaa fi ijoo ni dhiheessa. Ajandaan qindaa’e kun Yaa’ii Marii Biyyaalessaa seena qabeessa, bakka bu’oonni guutuu biyyattii irraa dhufan irratti kan dhiyaatu ta’uu fi kan mari’atamu ta’uus akeekaniiru. Komishinichi ajandaawwan marii Yaa’ii Biyyaalessaaf qophaa’an wixineessuu fi argamuu irratti hojjechuu akka itti fufu beeksiseera. Konfiraansii Marii Biyyaalessaa irratti hirmaattonni kuma afur ol Finfinneetti waan walga’aniif milkaa’ina isaaf deeggarsa hundaa barbaachisa jedhaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Ejensiin Geejjiba Oromiyaa Nageenya tiraafikaa mirkaneessuuf hojjechaa jira
May 28, 2026 1602
Caamsaa 20/2018(ENA): Ejensiin Geejjiba Oromiyaa Nageenya tiraafikaa mirkaneessuuf hojjechaa jiraachuu beeksise. Hojmatilee adda addaa hojiirra oolchuun nageenya tiraafikaa mirkaneessuuf hojjechaa jiraachuu ibseera. Hojmaatileen kunniin haala dizaayinii daandii mijeessuu, konkolaataa gahumsa qabuu fi daandii mijataa ta’e naannicha keessatti uumuufi kan gargaaru ta’uun ibsameera. Ejensichatti Daarektarri Daarektoreetii dhiheessii fi bobbii Geejjiba uummataa obbo Misbahuddin Abdulmaajid balaan tiraafikaa yeroo ammaa sadarkaa Addunyaatti haala yaaddessaarra jiraachuu ibsuun yeroo ammaa akka biyya keenyaatti balaan kun ulfaataa ta’uu ibsaniru. Akka Oromiyaatti Waggaatti, namootni kuma tokkoofi dhibba sadii ol balaa tiraafikaan lubbuu isaanii kan dhaban yoo ta’u, qabeenyi miliyoonaan lakkaa’amu kan manca’u ta’uu ibsaniirudha. Balaa tiraafikaa yeroo ammaa ga’aa jiru hir’isuuf hubannaan hawaasaaf maneen barnootaarratti, bakka afooshaalee adda addaa fi hawaasni hedduumminaan argamutti kennuun bal’inaan hojjetamaa jiraachuu eeraniiru. Dabalataanis balaa yeroo ammaa kana qaqqabaa jiruuf harki caalu dogongora konkolaachiftootaan kan uumamu ta’uu Ejensichi balaa tiraafikaa hir’isuuf gahumsa konkolaachiftootaarratti bal’inaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Gahumsa kana mirkaneesuuf dhaabbata Leenjii konkolaachiftootaa daree fi dirree keesatti kennamu kaameeraa hordoffii ‘CCTV’’n kallattiin hordoffii taassisaa jiraachuu ibsaniiru. Kunis hanqina gahumsaa fi ragaa sobaa ammaan dura ture hanbisuusaa ibsaniiru. Ejensiin Geejiba Oromiyaa hojii bara 2018 hojjeteen rikaardii adabbii fi kaffaltii onlaayinii gochuun tuttuqqaarraa bilisa taasisuusaa bu’aan aragmuu dubbataniiru. Haaluma wal fakkaatuun Oromiyaa keessatti taarifni konkolaataa Kiiloomeetiraa fi sadarkaa wal fakkaatuun bahe hojiirra oolchuun Oro-tikkeettii hojiirra oolchuun tajaajila geejjibaa si’ataa fi ammayyaa’aa fi nageenyummaansaa mirkanaa’e hojiirra oolchuuf hojiin bal’aan hojjetamaa jiraachuu obbo Misbahuddin Abdulmaajid ibsaniiru. Dabalataanis rakkoo geejibaan wal qabatee mudatuuf hawaasni eeruu akka kennuuf sara bilbila bilisaa 8656 diriirsuun hojiin bal’aan hojjetamaa jiraachuu himaniiru. Kanaanis eeruu uummanni kenneen konkolaattonni seera tiraafikaa cabsuun kuma 1 fi 57 ol adabamuu ibsuun, kana keessaa konkolaattota 97 sarara bobbiisaaniirraa guyyaa 15 hanga baatii tokkoo haquu danda’uu ibsaniiru. Ejensichi Nageenya tiraafikaa mirkaneessuuf mallattoolee adda addaa ,daandii cinaatti ibsaa tiraafikaa dhaabuu ,iddoowwan daandii rakkoo qaban ilaaluun qaama dhimmi ilaallatu waliin ta’uun akka suphamu taasisaa jirachuus ibsaniiru. Nageenya tiraafikaa mirkaneessuuf qaamolee adda addaa waliin hojjechuun akka barbaachisu eeruun obbo Misbahiddin, Ejensiin Geejjiba Oromiyaas Dhaabbata Idil-Addunyaa “Bloomberg Philanthropies Initiative for Global Road Safety” waliin ta’uun nageenya tiraafikaa naannichaa mirkaneessuu fi hojmaata haarawaa hojiirra oolchuun hoojjechaa jiraachuu himaniiru. Nageenya Tiraafikaa mirkaneessuuf hawaasnis gaheesaa bahachuu akka qabu dhaamaniiru.(EGO)irraa
Ayyaanni kun yeroo warra rakkatan gargaarru, tokkummaa fi walooma keenya cimsinudha - Hordoftoota amantaa Islaamaa Harar
May 27, 2026 2095
Caamsaa 19/2018 (ENA): Ayyaanni Iid al-Adaha (Arafaa) yeroo warra rakkatan gargaarru, tokkummaa fi walooma keenya cimsinu dha jedhan hordoftoonni amantaa islaamaa Harar. Naannoo Hararitti ayyaanni Iid al-Adahaa Istaadiyeemii Imaam Ahmad Harar keessatti kan kabajame yoo ta’u, pireesidaantiin naannichaa obbo Ordiin Badirii, hooggantoonni olaanoo fi hordoftoonni amantichaa argamaniiru. Hordoftoonni amantaa islaamaa ENA waliin turtii taasisan, ayyaanicha wal deeggaruun waan qaban warra rakkataniif qooduun akka kabajan ibsaniiru. Maawaardii Muhiyeddiin akka ibsitutti, ayyaana kana warra rakkatan gargaaruun ayyaaneffanna jetteetti. Keessumattuu namoota harka qalleeyyii naannoo isaanii gammachiisuun ayyaana kana waliin akka dabarsan dubbatteetti. Abdulaziz Abdiis akkasuma Iid al-Adahaa wal gargaaruun akkaataa barsiisa Islaamaatiin kabajna jedhaniiru. Akka dargaggeessi Abdulaziiz jedhutti, innii fi hiriyyoonni isaa daa'imman abbaa fi haadha hin qabne, maanguddootaa fi namoota naannoo sana jiran biroo nyaachisuu fi deeggaruun ayyaana kana dabarsuudhaaf akka jedhan dubbataniiru. Hordoftuu amantaa islaamaa kan biraa Mustariyaa Aadam akka jedhanitti, ayyaanni kun yeroo namni hundi waliin itti gammadu waan ta’eef maatii fi ollaa isaanii waliin gammachuudhaan akka dabarsan dubbataniiru. Dargaggoo Huseen Abdii akka jedhutti Iid al-Adahaa ayyaana waliif qooduun, akkasumas tokkummaa cimsuun kabajamudha; Namoota beela'an nyaachisuun, warra daaran daara baasuun, warra rakkatan gargaaruun ayyaana kana akka dabarsu dubbateera. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Diinagdee
Naannoo Harariitti lafa hektaara kuma 11fi 956 sanyiin facaasuuf karoorfamee hojjatamaa jira
Jun 3, 2026 223
Caamsaa 26/2018 (ENA) Naannoo Harariitti qonna Arfaasaa fi Gannaatiin waliigala lafti heektarri kuma 11 fi 956 sanyiidhaan facaasuuf karoorfamee hojjatamaa akka jiru Biroon Qonnaa naannichaa beeksiseera. Itti-Antuun Pirezidaantii Naannichaa fi hoggantuun Biiroo Misooma Qonnaa Roozaa Umar akka ibsanitti; lafa xiqqaa naannicha keessa jiru sirnaan itti fayyadamanii oomishtummaa guddisuuf hojiin qindoomina qabu hojjatamaa jira. Naannichatti bara oomishaa 2018/19 keessa Qonna Arfaasaa fi Gannaan waliigala lafa hektaara kuma 11 fi 956 midhaan akaakuuwwan adda addaatiin misoomsuuf hojjatamaa akka jiru ibsaniiru. Rooba Arfaasaatiin hanga yoonaatti lafti heektarri kuma 8 fi 681 sanyiin faca’uu eeranii, lafa hafe heektara kuma 3 fi 275 immoo rooba gannaatiin bisingaa fi qamadii dafee gahu facaasuuf hojiin qophii duraa barbaachisu hojjatamaa jira jedhaniiru. Aanaalee baadiyyaa naannichaa sadan keessatti sanyiiwwan midhaanii misoomaa jiran Bisingaa, boqqolloo fi qamadii ta'uusaaniis eeraniiru. Oomishtummaa qonna gannaa guddisuuf xaa'oon, sanyii fi dhiyeessii galteewwan qonnaa biroon qonnaan bulaaf raabsamuu isaa kan eeran Itti-Antuun Pirezidantii kun, bara oomisha kana keessa sanyiiwwan midhaanii misoomaa jiran irraa oomisha kuntaala kuma 300 walitti qabuuf karoorfamuu isaas ibsaniiru. Ogeeyyiin qonnaa sadarkaan jiran qonnan bultootaaf deeggarsa ogummaa barbaachisu taasisaa akka jiranis ibsaniiru. Kanaanis Qonnan bultoonni rooba eeggachuu irraa bilisa gochuu fi fayyadamummaa isaanii guddisuu irratti hojiin jajjabeessaan hojjatameera jedhaniiru. Fuuldurattis bu'aawwan jajjabeessoo argaman ittifufuudhaan fayyadamummaa qonnaan bultootaa mirkaneessuu fi oomishtummaa guddisuuf xiyyeffannoo guddaan kan kennamu ta'uu ibsaniiru.
Mootummaan guddina egeree fi dandeettii dorgomuu damee industiriitiin karoorfame mirkaneessuuf imaammattoota fooyyesseera
Jun 3, 2026 247
Caamsaa 26/2018(ENA)- Mootummaan guddina egeree fi dandeettii dorgomuu dame industiriitiin karoorfame mirkaneessuuf imaammattoota fooyyesseera jechuun ibsan itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen fuula marsariitiisaaniirratti akka ibsanitti, walabummaa fi bilisummaan biyyaa guutummaatti kan mirkanaa’u oomishoota industirii qulqullinaan, akaakuu fi baay’inaan beekumsa ofii, ogummaa ofii fi teeknooloojii ofiitiin oomishuu yeroo dandeenyudha. Mootummaanis guddina egeree fi dandeettii dorgomuu damee industiriitiin karoorfame mirkaneessuuf imaammattoota fooyyesseera jedhan. Hojmaatilees diriirseera. Onnachiiftuus taasiseera jechuun insaniiru. Qaama riifoormii kanaa kan ta’e sosochiin Itiyoophiyaan haa oomishtuus bu’aansaa ifatti mul’achaa jira jedhaniiru.
Hirmannaa cimaa Adeemsa Filannoo keessatti ijaarsa Sirna Dimokiraasiitiif agarsiisne Misoomaanis itti fuffna
Jun 3, 2026 243
Caamsaa 26/2018 (ENA)- Hirmaannaa jabaa adeemsa filannoo keessatti ijaarsa sirna dimokiraasiif agarsiisne misooma irrattis itti fufsiisna jechuun jiraattonni magaalaa Dirree Dawaa yaada isaanii ENA’f kennan ibsan. Filannoo waliigalaa torbaffaa guutuu biyyattiitti Caamsaa24 gaggeeffame irratti lammiileen qorri ganamaa fi dukkanni galgalaa osoo isaan hin daangessiin sagalee isaanii kennaniiru. Rippoortarri ENA adeemsa filannichaa fi hirmaannaa ture ilaalchisee magaalaa Dirree Dawaa keessa deemuun jiraattota haasofsiiseera. Jiraattonni yaada kennaniin akka ibsanitti, gumaacha adeemsa filannichaa keessatti dimokiraasii dhugoomsuuf taasisan, imala misoomaa fi guddina magaalattii keessattis itti fufsiisuuf akka hojjetan ibsaniiru. Yaada kennitoota keessaa Obbo Mindaa Salamoonii fi Aadde Maahileet Taaddalaa hirmaannaan isaan kenniinsa sagalee irratti taasisan biyya ofii fi ijoollee isaaniif mijattu ijaaruuf itti gaafatamummaa qaban ta'uu dubbataniiru. Kanas ta'uun, adeemsa filannichaa keessatti hirmaannaa jabaa ijaarsa sirna dimokiraasiif agarsiisne misooma irrattis itti fufsiisna jedhaniiru. Obbo Alamayyahu Baqalaa, Aadde Kadiraa Usmaan fi Obbo Girmaa Bazzaayee gama isaaniitiin; filannoo seena qabeessa kana irratti hirmaachuu fi sagalee kennuun itti gaafatamummaa biyyaalessaa ta'u kaasanii, adeemsi filannichaa ijaarsa sirna dimokiraasii biyya keenyaa bu'uura gaarii irra kan dhaabu ta'uu eeraniiru. Kanaafis hirmaannaa jabaa filannicha keessatti argisiisne gara fuulduraatti adeemsa ijaarsa misoomaa fi nageenya biyyaa irratti itti fufsiisuuf qophii ta'uu isaanii ibsaniiru.
Filannoo Waliigalaa 7ffa buleesaa, har'a ganama piroojektii deebisanii misoomsuufi qarqara lagaa Inxooxxoorraa hanga Qacanee Madanaalamii jiru ifatti hojii eegalsissneerra- Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Jun 2, 2026 940
Caamsaa 25/2018(ENA) : Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Filannoo Waliigalaa 7ffa buleesaa, har'a ganama piroojektii deebisanii misoomsuufi qarqara lagaa Inxooxxoorraa hanga Qacanee Madanaalamii jiru ifatti hojii eegalsiifneerra jedhani. Kaka'umsi guddaan kun iddoowwan gogolaa'an eegumsa biyyoo ammayyaafi laga calaluudhaan gara bakkeewwan magariisaatti geeddaruudhaan paarkiiwwan muduraalee, daandiiwwan deemsa miilaafi biskileetii waliin qindeessuudhaan magaalaa guddoo keenya haaresseera jechuun karaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin ibsaniiru. Poroojektiin walumaagalatti misooma qarqara lagaa kiiloo meetira 22.25 uwwisu kun, hojii misoomaa keenya addaan hin cinneef ragaa jiraataa ta'uusarrayyuu guddinni biyya keenyaa, kunuunsi naannoofi haaromsi magaalaa hojiidhaan kan itti mul'atedha jedhaniiru. #Itiyoophiyaan_Filatteetti! #ENA_Afaan_Oromoo #TOI #ENA#
Saayinsii fi teeknooloojii
Yuunivarsiitiin Haramaayaa Teekinooloojiiwwan Qorannoo Fayyadamummaa Hawaasaa guddisan dagaagsaa jira
May 28, 2026 2543
Caamsaa 20/2018(ENA): Yuunivarsiitiin Haramaayaa Teekinooloojiiwwan qorannoo fayyadamummaa Hawaasaa guddisan dagaagsaa jiraachuu beeksiseera. Yuunivarsiitichi yaa'ii gamaggama qorannoo fi hirmaannaa hawaasaa waggaa 43ffaa mata duree "kalaqa naannoof mijatuu fi eegumsa ikkooloojii ijaarsa Hawaasaa cimaatiif " jedhuun gaggeessaa jira. Itti-aanaan Pirezidaantii Qorannoo fi dhimma Hawaasaa Yuunivarsiitichaa Dr. Yisihaaq Yuusuf waltajjicharratti akka himanitti, Yuunivarsiitichi dameewwan qonnaa, Fayyaa, Teeknoolojii, Barnoota, Seeraa, Saayinsii Hawaasaa fi hojiiwwan qorannoo biroo irratti hojjechaa jira jedhani. Keessattuu barana Yuunivarsiitichi Pirojektoota 116 irratti hojii qorannoo gaggeessaa akka jiru eeranii, isaan keessaa 42 xumuramuu isaanii dubbataniiru. Hojiiwwan qorannoo fi Teeknoolojii Yuunivarsiitichi baajata birrii biliyoona 1 ol ramadee hojjechaa jiru kunis fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessaa akka jiru beeksisaniiru. Yuunivarsiitichi barana teeknoolojiiwwan qonnaa 95 ol qonnaan bulaaf raabsuu isaas ibsaniiru. Yuunivarsiitichi eegumsaa fi bulchiinsa qabeenya uumamaa ilaalchisee Bulchiinsa Dirree Dhawaa, Hara Haramaayaa, Addeellee, Dhangaggoo fi suluulawwan biroo irratti hojiiwwan qindaa'oon hojjetamaa jira jedhaniiru. Gama tajaajilaa fi hirmaannaa hawaasaatiin, lammiilee kuma 150 ol ta'aniif tajaajila seeraa bilisaa kennuu dabalatee damee Fayyaa, Barnootaa fi kanneen biroon hojiiwwan jajjabeessaan hojjetamuu isaanii kaasaniiru. Waltajjiin gamaggamaa kun hojiiwwan jajjabeessoo Yuunivarsiitichi hojjechaa jiru itti fufsiisuu fi hanqinoota mul'atan furuuf kan gargaaru ta'uun eerameera. Yaa'ii qorannoo fi hirmaannaa hawaasaa Yuunivarsiitichi yeroo 43ffaaf gaggeessu kanaan firiiwwan qorannoo 32 dhiyaatanii mariin irratti ni taasifama jedhameera. Yaa'ii guyyoota sadiif qophaa’e kana irratti hayyoonnii fi qorattoonni Yuunivarsiitichaa, Manneen hojii seektaraa, qooda fudhattootaa, akkasumas bakka bu'oonni hawaasaa, Abbootii Gadaa fi Haadholiin Siinqee hirmaachaa jiru.
Appiin Mirkaneessa Qulqullina Omishaa Raawwii Daldala Itiyoophiyaa Fooyyessa – Dr. Kaasahun Goofee
May 21, 2026 3416
Caamsaa 13/2018 (ENA): Appiin mirkaneessa qulqullina oomishaa haaraan kun raawwii daldala Itiyoophiyaa ni fooyyessa jedhan Ministirri Daldalaa fi walitti hidhaminsa Naannawaa Dr. Kaasahun Goofee. Ministirri Daldalaa fi walitti hidhaminsa naannawaa Dr. Kaasahun Goofee fi Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutii sadarkaalee Itiyoophiyaa Dr. Masarat Baqqalaa sirna eebbaa appii qulqullina oomishaa onlaayiniin mirkaneessu irratti hirmaataniiru. Kanuma waliin Ministirri Daldalaa fi walitti hidhaminsa naannawaa Dr. Kaasahuun Goofee qulqullina oomishaa fi tajaajilaa mirkaneessuun xiyyeeffannoo mootummaa Itiyoophiyaa ta’uu ibsaniiru. Jijjiirama waggoota darban keessatti sirni daldalaa Itiyoophiyaa ammayyeessuun raawwii bu’a qabeessa ta’een qulqullina olaanaa akka argatu ibsaniiru. Appiin haaraan qulqullina oomishaa onlaayiniin mirkaneessuus tajaajilaafi qulqullina oomishaa raawwii fooyya’aa ta’een qajeelchuuf akka gargaaru himaniiru. Yeroo ammaa kana tajaajilli hedduun Ministeera Daldalaa fi walitti hidhaminsa naannawaatiin karaa dijitaalaa kennamaa akka jirus hubachiisaniiru. Kunis sirna daldala Itiyoophiyaa ammayyeessuuf gahee olaanaa taphachaa akka jiru ibsaniiru. Appilikeeshiniin mirkaneessa qulqullina omishaa Inistiitiyuutii sadarkaalee Itiyoophiyaan qopheesse daldala al-ergii fi galtee haalaan akka mijeessuus ibsaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Lakkooftuuwwan sirna ammayyaa ( ismaartii) fi iftoomina qabu hojiirra oolchuun qisaasama anniisaa hir’isuun danda’ameera
May 20, 2026 2628
Caamsaa 12/2018 (ENA): Tajaajilli Humna Ibsaa Itiyoophiyaa Lakkooftuuwwan sirna ammayyaa ( ismaartii) fi iftoomina qabu hojiirra oolchuun qisaasama anniisaa hir’isuun danda’ameera jedhe. Tajaajilichatti Daarektarri Sagantaa Raabsaa fi Otoomaashinii Tasfaayee Hirphaa ENAtti akka himanitti, Tajaajilichi tajaajila ibsaa amanamaa, jijjiiramaa fi dhaqqabamaa ta’e kennuudhaaf lakkooftuu ammayyaa( ismaartii ) dabalatee hojiiwwan adda addaa hojiirra oolchaa jira jedhani. Kanaafis lakkooftuuwwan ismaartii kuma 500 kan bitame yoo ta’u, akka biyyaatti lakkooftuu kuma 160 dhaabamuu ibsaniiru. Lakkooftuuwwan ismaartii kaa’aman keessaa kuma 140 marsaa tokkoo yoo ta’u, kanneen hafan ammoo marsaa sadii ta’uu ibsuun; kunis cimee itti fufa jedhaniiru. Tajaajila kana daran babal’isuuf lakkooftuuwwan ammayyaa 300,000 biyyattii keessatti hojiirra kan oolu ta’uu ibsaniiru. Lakkooftuuwwan ismaartii teeknooloojiiwwan maamiltoonni rakkoo tokko malee kaffaltii akka raawwatan taasisu ta’uu himaniiru. Fayyadamtoonni anniisaa hangamii akka fayyadaman akka hubatan kan gargaaran yoo ta’u, fayyadama anniisaa isaanii hubachuu fi itti fayyadama hin barbaachifne hir’isuun anniisaa qusachuu akka danda’an dubbataniiru. Komii maamiltootaa lakkooftuu waliin walqabatanii fi itti fayyadama anniisaa waliin walqabatee ka’u guutummaatti kan dhabamsiisu ta’uu ibsuun; dhaabbatichi odeeffannoo itti fayyadama anniisaa irratti harkifannaa fi dogoggora dubbisuu irraa kan ka’e maallaqa akka hin dhabne kan taasisu ta’uu ibsaniiru. Lakkooftuuwwan ismaartii gosa hanna lakkooftuu kamiyyuu ykn hayyama malee seenuu kallattiin kutaa to’annoo giddugaleessaatti gabaasuuf dandeettii akka qaban himaniiru. Tajaajilli kun ciccitiinsa ibsaa ittisuuf hojii eegalame keessatti akka gargaaru eeranii; lakkooftuun kun yeroo humni ibsaa guddaan addaan citu balaa akka hin mudanneef sirna humna cufuu danda'u akka qabu eeraniiru. Riijinii Finfinnee Bahaatti Giddugala Tajaajila Elektirikii Lakkoofsa Saddeetitti hojiigaggeessaa kan ta’an Dirribaa Abdiisaa akka himanitti; Giddugalichi jiraattotaa fi maamiltootaaf lakkooftuu ammayyaa(ismaartii) abbaa feezii tokkoo fi sadii dhaabaa jira jedhani. Teeknooloojiin lakkooftuu ammayyaa ( ismaartii) haaraa ta’uu ibsuun; Tajaajila kana ilaalchisee hojiin hubannoo uumuu bal’aan hawaasaaf hojjetamaa jira jedhani. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Milkaa’ina Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030’f hojii misooma humna namaa fi kalaqaa ni cimsina
May 20, 2026 2343
Caamsaa 12/2018 (ENA): Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 galmaan ga’uuf hojii misooma humna namaa fi kalaqaa damichaa cimsuu itti fufna jedhan Pireezidaantonni Yuunivarsiitii ENA waliin turtii taasisan. Tarsiimoon Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 Muddee 2018 Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ifoomsuun isaanii ni yaadatama. Tarsiimoon kun waggoota shanan dhufan keessatti networkii dhaloota 5ffaa (5G) guutummaatti argachuu, eenyummaa dijitaalaa babal’isuu fi ogummaa dijitaalaa lammiilee leenjisuu irratti kan xiyyeeffatedha. Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 keessatti dhaabbileen barnoota olaanoo ce’umsaa fi kalaqa teeknooloojii saffisiisuun dandeettii dijitaalaa lammiilee guddisuu keessatti gahee qabu. Akka pirezidaantonni yunivarsiitii EZA’n turtii waliin taasise ibsanitti, Dijiitaalaayizeeshiniif haala mijeessuufi galmoota Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 galmaan gahuuf misooma humna namaa irratti hojjachaa jiru. Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Jimmaa Dr. Jamaal Abbaafiixaa tarsiimoon Dijitaalaa Itiyoophiyaa bara 2025 hojiirra oole yunivarsiitichaaf haala mijataa uumeera jedhan. Yuunivarsiitichi Ministeera Barnootaa waliin ta’uun barnoota teeknooloojiin deeggaramee fi sirna dijitaalaa qindeessuun hojjechaa jira. Yuunivarsitichi hojiirra oolmaa dijitaalaayizeeshinii haala mijeessuuf misooma humna namaa irratti hojjachaa jiraachuu ibsaniiru. Giddugala misooma kalaqa yunivarsiitichaa keessatti hojiiwwan kalaqaa hubannoo namtolchee irratti xiyyeeffatan hojjetamaa akka jiran himaniiru. Yuunivarsiitichi bu’a qabeessummaa Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 keessatti gahee isaa bahaa jira jedhan. Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Gondar Dr. Asraat Atsadawayin gama isaaniitiin akka himanitti, bu’a qabeessummaa hojiirra oolmaa tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2025 keessatti yunivarsiitichi gahee isaa ba’eera. Yuunivarsitichi hojiirra oolmaa Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 haala mijeessuuf misooma humna namaa irratti hojjachaa jiraachuu ibsuun, sagantaalee barnootaa Nageenya Saayibarii hubannoo namtolchee (Artificial Intelligence) barsiisuu eegaluusaa ibsaniiru. Sagantaa barnootaa jijjiirama dijitaalaa waliin walqabatu banuuf hojjetamaa akka jirus akeekaniiru. Yuunivarsiitii Hawaasaatti itti aanaan pireezidaantii qorannoo fi walta’iinsaa Dr. Taaffasaa Maatiyoos akka ibsanitti, yuunivarsiitichi galma koodaroota miiliyoona 5 oomishuuf galma ga’uuf gahee isaa bahaa jira jedhani. Yuunivarsiitichi hojii isaa irra caalaa isaa dijiitaala gochuu ibsuun, itti dabaluunis yunivarsitichi tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 galmaan ga’uuf kutannoon hojjechaa jira jedhan. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Ispoortii
Finfinneetti namuusa dargaggootaa guddisuu fi dandeettii ispoortii kan guddisan bu'uuraaleen misoomaa bal'aan ijaaramaniiru - Kantiibaan Adaanech Abeebee
May 24, 2026 3733
Caamsaa 16/2018 (ENA): Finfinneetti namuusa dargaggootaa guddisuu fi dandeettii ispoortii kan guddisan bu'uuraaleen misoomaa bal'aan ijaaramaniiru Kantiibaan Adaanech Abeebee jedhani. Kantiibaan Adaanech Abeebeen Istaadiyeemii Hawaasa Lammii kutaa magaalaa Boolee naannoo Garjiitti ijaarame eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Deeggarsa maallaqaa Kaapteen Abarraa Lammiin kan ijaarame istaadiyeemiin kun dirree kubbaa miilaa, daandii fiigichaa, teessoo daawwattootaa akka roobnif aduun nama hin mine qabu, manneen daldalaa carraa hojii dargaggootaaf oolu, manneen qulqullinaafi mana fincaanii, jimnaaziyeemii fi mana kuusaa of keessaa qaba. Ergaa kana sababeeffachuun dabarsaniin kantiibaan magaalattii aadde Adaanech Abeebeen; Bu’uuraalee ispoortii babal’isuun dhaloota fayya qabeessaa fi oomishtummaa qabu uumuu keessatti gahee olaanaa akka qabu ibsaniiru. Bu’uuraaleen ispoortii bakka bashannanaa mijataa uumuun alattis lammii qaamaa fi xiinsammuu fayyaa qabu bocuuf gargaaruu akka danda’an himaniiru. Bulchiinsi magaalattii keessatti wiirtuuwwan ispoortii fi dirree tapha ammayyaa hedduu ijaaree ummanni akka fayyadamu taasisuu eeraniiru. Ijaarsi wiirtuuwwan ispoortii hirmaannaa dargaggoota ispoortii irratti dabaluu eegale itti fufuus mirkaneessaniiru. Kaappiteen Abarraa Lammii tajaajila kana fakkaatu hawaasaaf ijaarsisanii dabrsanii kennuun isaanii kan galateeffataman ta’uu eeruun,hawaasnis kunuunsaa fi eegumsa gochuu akka qabu dhaamaniiru.
Itiyoophiyaan dorgommii tarkaanfii kiiloo meetira 20 koorniyaa lamaaniinuu warqee injifatte
May 16, 2026 3775
Caamsaa 8/2018 (ENA): Shaampiyoonaa Atileetiksii Afrikaa 24ffaan Gaanaa Akiraatti gaggeeffamaa jiru har’a guyyaa 5ffaa isaa qabateera. Atileet Misgaanaa Waaqumaa dhiirotaan dorgommii tarkaanfii kiiloo meetira 20 injifateera. Waancaa Shaampiyoonaa Afrikaa yeroo lammataaf walitti aansuun sadarkaa tokkoffaa bahuun kabaja isaa eeggachuu danda’eera. Atileetiin Itiyoophiyaa kan biraa Abdulsalaam Abdulwahib sadarkaa sadaffaa bahuun biyya isaatiif meedaaliyaa naasii injifateera. Dubartootaan atileet Wubaalem Shigguxee dorgommii tarkaanfii kiiloo meetira 20 tokkoffaa bahuun meedaaliyaa warqee injifatteetti. Dorgommii wal fakkaatuun atileet Hiwot Ambaawu 4ffaa yoo baatu,atileet Maaree Bitawu ammoo 8ffaa bahuun xumurteetti. Bu'aa kana hordofuun lakkoofsi meedaaliyaa warqee Itiyoophiyaan injifatte shan gaheera. Itiyoophiyaan shaampiyoonaa kanaan hanga ammaatti walumaa galatti meedaaliyaa 11 kan injifatte yoo ta’u, warqee shan, meetii tokkoo fi naasii shan, walumaa galatti meedaaliyaa 11 argatteetti. Shaampiyoonichi boru xumurama. #ENA_Afaan_Oromoo #TOI #ENA
Dorgommiiwwan Shaampiyoonaa Atileetiksii Afriikaa Atileetonni Itiyoophiyaa irratti hirmaatan
May 15, 2026 2973
Caamsaa 7/2018 (ENA)-Shaampiyoonaan Atileetiksii Afriikaa 24ffaa Gaanaa Akiraatti gaggeeffamaa jiru har’a guyyaa afraffaa qabateera. Galgala sa’aatii 2 fi daqiiqaa 5tti dorgommiin xumuraa dubartootaa meetira 10000 ni gaggeeffama. Asaffuu Abrihaa, Simrat Barhee fi Zeyin Ayyeliny Itiyoophiyaa bakka bu’uun dorgommicharratti ni hirmaatu. Atileet Zeyin Ayyeliny dorgommii dubartootaa meetira 5000’n meedaaliyaa naasaa mo’achuunshee ni yaadatama. Atileet Geetaahuun Taaddasaa dorgommii gulaallii gufachiisaa dhiirotaa meetira 110 irraati ni hirmaata. Itiyoophiyaan shaampiyoonaa Kanaan amma ammaatti meedaaliyaa warqee sadii, meetii tokkoo fi naasa sadii walumaa gala meedaaliyaa torba mo’atteetti. Shaampiyoonaan Atileetiksii kun iftaan xumurama.
Jilli Itiyoophiyaa Shaampiyoonaa Atileetiksii Afrikaa 24ffaaf gara Akiraatti qajeele
May 10, 2026 3729
Caamsaa 2/2018 (ENA): Jilli Itiyoophiyaa Shaampiyoonaa Atileetiksii Afrikaa Gaanaa Akiraatti gaggeeffamu irratti hirmaatu har’a ganama gara iddoo sanaatti deemeera. Jilli kun dubartoota 31 fi dhiirota 32, walumaa galatti atileetota 63, akkasumas leenjistoota 12 of keessaa qaba. Kana malees jilli kun ogeeyyii fayyaa 3, ogeeyyii miidiyaa sadii, dursaa garee teeknikaa fi ofiishaalonni jaha imala kana irratti argamaniiru. Shaampiyoonaan Atileetiksii Afrikaa 23ffaa Kaameeruun magaalaa Dowaalaatti gaggeeffameen Itiyoophiyaan warqee 5,meetii 4 fi naasa 1 walumaa galatti meedaaliyaa 10 argachuun Afrikaarraa sadarkaa 4ffaa qabattee kan xumurte yoo ta’u,bara kanas bu’aa fooyya’aa galmeessisuuf qophoofteetti. Federeeshiniin Atileetiksii Itiyoophiyaa shaampiyoonaa kun Caamsaa 4 hanga Caamsaa 9, 2018tti akka gaggeeffamu beeksiseera. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Naannoo Harariitti biqiltuuwwan miiliyoona 1.7 ol dhaabuuf qophaa'aniiru
May 28, 2026 2743
Caamsaa 20/2018 (ENA): Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaatiin biqiltuuwwan miiliyoona 1.7 ol dhaabuuf qophaa’uu Biiroon Misooma Qonnaa Naannichaa beeksise. Akka Itti Gaafatamaa Itti Aanaa Biiroo Misooma Qonnaa Naannichaa obbo Nasraddiin Ahimad himanitti, Ganna bara kanaa Sagantaa Ashaaraa Magariisaatiin biqiltuun miiliyoona 1.7 ol ni dhaabama jedhani. Biqiltuu dhaabamuu qabu keessaa miiliyoona 1.5 ol biqiltuu kuduraafi muduraa fi bosona ta’uu ibsaniiru. Isaan keessaa kuma 200 ol biqiltuu nyaata beeyladaaf oolu ta’uus ibsaniiru. Hojiin naannichatti iddoowwan buufataalee biqiltoowwaniitti lammiilee hedduudhaaf carraa hojii akka uume eeraniiru. Sagantaa Ashaaraa Magariisaan hanga ammaatti hojiiwwan hojjetaman bu’a qabeessa akka ta’an kan eeran yoo ta’u,kunis uwwisa bosona naannichaa dabaluu fi fayyadamummaa diinagdee lammiilee fooyyessuu kan danda’e ta’uu ibsaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Sagantaa Asharaa Magariisaan biqiltoota faayidaa hedduu qaban dhaabuuf qophiin taasifameera
May 28, 2026 1454
Caamsaa 20/2018(ENA): Sagantaa Asharaa Magariisaa baranaatiin biqiltoota faayidaa hedduu qaban dhaabuuf qophiin taasifamuu Waajjirri Qonnaa Godina Shawaa Bahaa beeksiseera. Itti aanaan itti gaafatamaa waajjirichaa obbo Abinnat Zagayyee ENA’f akka ibsanitti; erga sagantaan Asharaa Magariisaa ifoomee eegalee biqiltoonni faayidaa garaa garaa qaban dhaabamaniiru jedhani. Kunis, fayyadamummaa diinagdee qonnaan bultootaa qabatamaan mirkaneessuudhaan bu'aa argamsiisuu isaa eeranii, oomishaa fi omishtummaa midhaanii guddisuuf gumaacha olaanaa gochuu isaa akka fakkeenyaatti eeraniiru. Sagantaa Asharaa Magariisaa baranaatiifis biqiltoonni misooma bosonaa fi faayidaa diinagdee qaban miliyoona 269.5 ta'an buufataalee biqiltootaa aanaalee hundaa keessatti qophaa'uu isaanii mirkaneessaniiru. Barana lafa hektaara kuma 45 fi 563 irratti hojiin biqiltuu dhaabuu akka gaggeeffamus himaniiru.
Haala teessuma istaatistiksii fi bifa Itiyoophiyaa mataa ofiitiin ibsuun birmadummaa odeeffannootiif ragaadha.
May 20, 2026 3301
Caamsaa 12 /2018 (ENA): Haala teessuma istaatistiksii fi bifa Itiyoophiyaa mataa ofiitiin ibsuun birmadummaa odeeffannootiif ragaadha jedhani Daarektarri Olaanaa Tajaajila Istaatistiksii Itiyoophiyaa Dr. Bakar Shaalee. Yaa’iin Biyyaalessaa mata duree “Birmadummaa Odeeffannoo Bilisummaa Imaammataaf” jedhuun qophaa’e bakka MM Dr. Abiyyi Ahimad fi hoggantoonni olaanoo mootummaa argamanitti gaggeeffameera. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad yeroo konfiraansii kana ifatti banan ergaa dabarsan keessatti odeeffannoon qabeenya tarsiimoo bara kanaa fi mootummaa cimaa ijaaruuf utubaa birmadummaa ijoo ta’uu dubbataniiru. Odeeffannoon qaamolee biyya biraa irratti hirkate hawwii biyyaalessaa keenya galmaan gahuu waan hin dandeenyeef; Daataa ofii walitti qabuu fi xiinxaluun birmadummaa imaammataa mirkaneessuuf qabeenya murteessaa ta’uu ibsaniiru. Daarektarri Olaanaa Tajaajila Istaatistiksii Itiyoophiyaa Dr. Bakar Shaalee ENAtti akka himanitti, dhaabbati isaanii ragaa istaatistiksii haala hawaasummaa fi dinagdee biyyattii sirritti calaqqisiisu maddisiisaa jira jedhani. Dhaabbatichi irra caalaa ragaa istaatistiksii ofiisaa maddisiisuudhaan akka bu’uura murteessitootni, karooraa fi tooftaalee misoomaatti fayyadamuu danda’an ta’uus eeraniiru. Haaromsi diinagdee erga jijjiiramni dhufee galmaa’ee fi saffisi dijiitaalaayizeeshinii biyyattii baay’ee kan nama dinqisiisu ta’uu hubachiisuun, guddinni waliigalaa Itiyoophiyaan agarsiisaa jirtu dandeettii misooma humna namaa fi dandeettii ogeessota ishee haalaan dabalaa akka jiru ibsaniiru. Yeroo ammaa guddinni hubannoo namtolchee biyyattii keessatti mul’achaa jiru sadarkaa biyyoonni Afriikaa biroo baratanii fakkeessuun danda’amu irra ga’uu ibsaniiru. Beekumsaa fi dandeettii teeknooloojii kana fayyadamuun fuula dhugaa biyyattii istaatiksii fi bifa ishee ibsuun birmadummaa odeeffannootiif ragaa ta’uus hubachiisaniiru. Yeroo ammaa gahumsi odeeffannoo funaanuufi xiinxaluu Tajaajila Istaatistiksii Itiyoophiyaa olaanaa ta’uu himaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Ashaaraa Magariisaa bara kanaaf hanga ammaatti biqiltuun biiliyoona 8.6 ol qophaa’eera – Ministeera Qonnaa
May 19, 2026 2596
Caamsaa 11/2018 (ENA): Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaatiif hanga ammaatti biqiltuun biiliyoona 8.6 ol qophaa’uu Ministeerri Qonnaa beeksise. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa dhiibbaa jijjiirama qilleensaa hir’isuu fi wabii nyaataa mirkaneessuu keessatti faayidaa kallattii hedduu argamsiisaa jira. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa bara 2011 kaka’umsa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad tiin eegalame, gama biqiltoota biyya keessaa fi qabeenya uumamaa eeguu, dhiibbaa hamaa jijjiirama qilleensaa ittisuu fi wabii nyaataa lammiilee mirkaneessuun jijjiirama adda duree fideera. Waggoota torban darban keessatti hojiiwwan hojjetaman keessatti bu’aan jajjabeessaan galmaa’eera; sagantichaan biqiltuu biiliyoona 48 dhaabuun uwwisa magariisa biyyattii haalaan guddisuu danda’eera. Misoomni Ashaaraa Magariisaa Itiyoophiyaa kunuunsa qabeenya uumamaa bira darbee bu’aa hedduu kan fide yoo ta’u, jijjiirama qilleensaa hir’isuun gama diinagdee, hawaasummaa fi dippilomaasii biyyaalessaa fi idil-addunyaatiin bu’aa adda addaa Itiyoophiyaaf argamsiisaa jira. Sagantaa Ashaaraa Magariisaa torbaffaa bara kana gaggeeffamuuf akka biyyaatti qophiin bal’aan taasifamaa jira. Hojii Gaggeessaa Olaanaa Ministeera Qonnaa Kutaa Misooma, Kunuunsaa fi Itti Fayyadama Qabeenya Uumamaa obbo Faanosee Mokonnon turtii ENA waliin taasisaniin akka himanitti, waggoota torban darban keessatti hojiin Ashaaraa Magariisaa irratti hojjetamaa turee fi bu’aa jajjabeessaan galmaa’e kanaaf ragaa guddaadha jedhani. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa bara kanaa xumura marsaa lammaffaa ta’uu kan ibsan Hojii Gaggeessaa Olaanaan kun, muuxannoo hojiirra oolmaa Ashaaraa Magariisaa kanaan duraa irraa argame irratti hundaa’uun, karoorri bara kanaa lakkoofsaan ol’aanaa ta’uu ibsaniiru. Haaluma kanaan biqiltuuwwan biliyoona 8.5 dhaabuuf hojiin bal’aan hojjetamuusaa, yeroo ammaa kanas hojiin qophii dhaabbii kanaaf barbaachisu xumuramaa akka jiru eeruun, haala ikoloojii irratti hundaa’uun filannoon biqiltuu raawwatamuus eeraniiru. Hojiin boolla biqiltuu dhaabuuf qopheessuu yeroo ammaa bal’inaan hojjetamaa akka jirus hubachiisaniiru. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa amma lammiilee hedduu biratti aadaa ta’aa akka jiruu fi lakkoofsi hirmaattotaa yeroodhaa gara yerootti haalaan dabalaa akka jiru ibsaniiru. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa taatee guddaa biyyaalessaa tokkummaan qabatamaan itti mirkanaa’aa jiru waan ta’eef ummanni guutuun miira itti gaafatamummaa fi aantummaadhaan irratti hirmaachaa jira jedhan. Hojiiwwan dhaabbii bara kanaaf hojjetaman keessaa dhibbeentaan 40 mukkeen bosona biyya keessaa irratti kan xiyyeeffate yoo ta’u, dhibbeentaan 60 ammoo biqiltuuwwan firii fi dinagdeen gatii guddaa qaban kanneen wabii nyaataa fi faayidaa roga hedduu biroof oolu ta’uu hubachiisaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Gabaasa addaa
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 6071
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 6398
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan. Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru. Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru. Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.