ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Naannichatti lafa Asiidummaa Biyyeen miidhame Xaa’oo uumamaa fi Nooraan wal’aanuun gara omishaatti galchuuf xiyyeeffannoon kennameera
Jan 9, 2026 27
Amajjii1/2018 (ENA)-Naannoo Oromiyaatti lafa Asiidummaa Biyyeen miidhame Xaa’oo uumamaa fi Nooraan wal’aanuun gara omishaatti galchuuf xiyyeeffannoon kennamuu Biiroon Qonnaa Naannichaa ibse. Biirichatti Daarektarri fooyya’insa gabbina biyyee Isheetuu Laggasaa ENA’f akka himanitti omishaa fi omishtummaa Qonnaan bultootaa guddisuuf gabbina biyyee fi fayyummaasaa eeguuf xiyyeeffannoon kennameera. Keessumaa Lafa Asiidiin miidhame xaa’oo uumamaa fi Nooraan wal’aanuuf qonnaan bulaaf hubannaa uumuu fi deeggarsi ogummaa taassifamaa jira jedhaniiru. Naannichatti lafti hektaarri miiliyoona 2 tuqaa 3 Asiidummaa biyyeef saaxilamuu ibsuun rakkicha furuuf laficha xaa’oo uumamaa fi Nooraan wal’aanuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Xaa’oon uumamaa kun Kompoositii fi varmii kompoositiin akkasumas baayoogaaziin, hafteewwan omishaa fayyadamuun qophaa’aa jirachuu dubbataniiru. Bara baajatichaatti adeemsa hanga ammaan meetirkiyuubikii 100 ol Xaa’oon uumamaa qophaa’ee tajaajilarra oolaa jira jedhaniiru. Dhiheessii nooraa guddisuuf Waarshaa Nooraa Gudaritti baabura lama guyyaatti kuntaala
Godinichatti Misoomni Dammaatooniin kuma 12 fi 600 ol gabaaf dhihaateera
Jan 9, 2026 27
Amajjii1/2018(ENA)- Godina Walagga Bahaatti bara baajatichaatti Omishni Dammaa tooniin kuma 12 fi 674 gabaaf akka dhihaatu waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksise. Naannoo Oromiyaatti Innisheetifoota misoomaa haaraa bocamanii hojjetamaa jiran keessaa misoomni Dammaa tokko dha. Godinni Wallaga Bahaa Godinoota misooma dammaaf mijatoo jedhaman keessaa tokko dha. Waajjira Qonnaa Godinichaatti Itti Gaafatamaan kutaa kunuunsaa fi misooma Beelladaa Addisuu Duubee haala Qilleensaa mijataa fi Qabeenya bosonaa fayyadamuun hanga misooma dammaa guddisuuf hojjetamaa jira jedhaniiru. Bara baajataa qabametti damma toonii kuma12 fi674 gabaaf dhiheessuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu kaasuun,hanga ammaatti tooniin kuma 8 ol gabaaf dhihaachuu ibsaniiru. Karoora qabame miilkeessuuf Gaagura Ammayyaa qonnaan bulaaf bal’inaan dhiheessaa jiraachuu ibsaniiru. Bara baajataa qabame kanatti qofa gaagura ammayyaa kuma 2 fi 500n qonnaan bulaaf kan dhihaatan yoo ta’an walii gala gaagura cehumsaa kuma 38 fi 147 fi gaagura Aadaa kuma 84 fi 961 hojiin horsiisa kaannisaa hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Godinichatti qonnaan bultoonni kuma26 ol hojii misooma kaannisaarratti bobba’uusaanii ibsuun, omishtoonni damma biroon Godinichatti Aanaa Diggaatti akka argaman ibsaniiru. Itti gaafatamaan waajjira Qonnaa Aanaa Diggaa Obbo Yisihaaq Addisuu , Aanichatti gaagura ammayyaa kuma22 fi 500n hojiin kaannisa horsiisuu ammayyaa hojjetamaa jirachuu ibsaniiru. Barabaajatichaatti baatiiwwan6n darbanitti,dammi tooniin820 omishamee gabaaf dhihaachuu ibsuun , Aanichatti Qonnaan bultoonni kuma 13 fi 760 hojii horsiisa kaannisaarratti bobba’anii jiraachuusaanii ibsaniiru. Qonnaan bultoota Aanichaa waldaan gurmaa’uun Damma Omishan keessaa MaammooUummataa fi hiriyoonnisaa torba gaagura ammayyaa 50n hojii horsiisa kaannisaa hojjechaa jiru. Waggoottan darban dammi kiiloogiraamiin 120 gabaaf dhiheessuu sanii ibsuun bara kana damma kg 200 gabaaf dhiheessuuf qophaa’aa jiraachuu ibsaniiru. Jiraataan Aanichaa biroon obbo Biraanuu Hinkoo, Gaagura ammayya 7 qabaniin hojii kaannisa horsiisuu hojjechaa kan jiran yoo ta’an bara kana damma kg 40 gabaaf dhiheessuusanii dubbataniiru.
Abbootii qabeenyaa Haroo namtolchee Nigaatitti misooma invastimantii turizimii irratti hirmaataniif roodmaappiin misoomaa mijataan qophaa’eera
Jan 9, 2026 27
Amajji 01/2018(ENA)- Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaatti abbootii qabeenyaa Haroo namtolchee Nigaatitti misooma invastimantii turizimii irratti hirmaataniif roodmaappiin misoomaa mijataan qophaa’uu Ministirri Turizimii ibse. Mootummaan jijjiiramaa turizimii dameelee utubaa diinagdee shanan keessaa tokko taasisee fudhachuun kunuunsaa fi eegumsa hambaaleef, haaromsaa fi misooma bakkeewwan haaraa hawwata turizimii irratti xiyyeeffachuun isaa dameen kun akka bayyanatu taasiseera. Deetaan Ministira Turizimii Silashii Girmaa ENAtti akka himanitti, Itiyoophiyaan bakkeewwan hawata turizimii qalbii namaa hawatu, amantaa, aadaa fi uumamaan kan badhaate ta’uu ibsaniiru. Yeroo dhiyoo as bakkeewwan hawata turizimii kanneen misoomsuun diingdeen gama kanaan jiru akka guddatu ta’eera jedhan. Hoggansa Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimadiin kan ijaaraman iddoowwan hawata turizimii ta’an daawwattootaaf haala mijataa uumuun dorgomtummaa turizimii haalaan dabalaa akka jiran ibsaniiru. Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaatti Haroo Nigaatitti invastimantii turizimii, misooma qurxummii, geejjibaa bishaanii fi hawata turizimii biroo guddisuuf roodmaappiin qophaa’uus ibsaniiru. Kanaafis hirmaannaa invastimantii turizimii Haroo Nigaat damee dhuunfaa guddisuuf qooda fudhattoota, mootummaa federaalaa fi bulchiinsa mootummaa naannoo Benishaangul Gumuuz waliin ta’uun hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Abbootii qabeenyaa turizimii Haroo Nigaat irratti hirmaataniif ijaarsi meeshaalee, konkolaataanii fi meeshaaleen biroo tajaajila qaraxarraa bilisa ta’e akka argatan haalli mijachuu ibsaniiru.
Gurmaa’insi Gandaa Haaraan jiraattonni Tajaajila Mootummaa dhiheenyatti akka argataniif haala mijataa uumeera
Jan 9, 2026 64
Amajjii1/2018(ENA)-Naannoo Oromiyaatti Gurmaa’insi gandaa hojiirra oole tajaajila mootummaa dhiheenyatti akka argataniif haala mijataa uumuu Godina Baaleetti Jiraattonni Aanaa Harannaa Bulluq ibsan. Bulchaan Godinichaa gamasaaniin gurmaa’insigandoota189tti hundeeffaman jiraattotaaf tajaajila dhiheenyatti kennuurra darbee yeroo fi baasii qusachuun hojiiwwan misoomaarratti akka xiyyeeffatan tasisuu ibsaniiru. Jiraattota Aanaa Harannaa Bulluq Ganda Qumbii keessaa obbo Hasan Ahimad, gurmaa’insichi tajaajila mijataa fi si’ataa dhiheenyatti akka argannu nu taassiseera jedhaniiru. Ammaandura tajaajila mootummaa argachuuf gara Aanaa fi Bulchiinsa magaalaatti deddeebbiin taassifnu yeroo kan fixuu fi dadhabbii kan qabu akka ture ibsuun ‘’Gurmaa’insi Gandaa Haaraan kana salphisuun fayyadamuu nu taassiseera” jedhaniiru. Tajaajilamaa biroon Obbo Ahimad Mahaammad akka jedhanitti gurmaa’insi gandaa hirmaannaa misoomaa hawaasichaa guddisuun rakkoowwan bu’uuraalee misoomaa ammaan dura turan hirmaannaa uummataan akka furamaniif carraa kenneera. Yeroo gabaabaa keessatti hawaasa hirmaachisuun hojiiwwaqn misoomaa hojjetaman keessaa Riqichaa fi Daree Barnootaa dabalataa akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Bulchaan Aanaa Harannaa Bulluq Obbo Ibiraahim Hasan gamasaaniin gurmaa’oinsi haaraan gaaffiiwan misoomaa fi Bulciinsa gaarii Uummata Aanichaa yeroo dhihootti deebisuuf kan deeggaru ta’uu dubbataniiru. Bakkabu’aanBulchaaGodina Baalee ObboBiraanuu Arfaasaa gamasaaniin gandoota189 godinichatti argamanittigurmaa’insi hundeeffamanii gara hojiitti galuusaanii dubbataniiru. Gurmaa’insa gandaa kanatti hoggantonni ramadamaniiHawaasa dhiheenyatti akka tajaajila taassifamuu ibsaniiru. Gurmaa’insi gandaa komiiwwan ammaan dura Godinaa fi aanaatti dhufaa ture hir’isuu itti quufinsa uummataa dabalaa dhufeera. Hoggantoonnii fi ogeessonni hawaasicha haala fooya’een akka tajaajilaniif leenjiin ijaarsa dandeettii fi deeggarsaa fi hordoffiin taassifamaa jiraachuu ibsaniiru. Naannoo Oromiyaatti kenna tajaajilaa fooyyessuu fi rakkoo Bulchiinsa gaarii dhiheenyatti hiikuuf gurmaa’insi haaraan Ganda hojiirra ooluun ni yaadatama. Gurmaa’insi kun hawaasni misoomaan fayyadamaa akka ta’uu fi gaaffiiwwan bulchiinsa gaarii hirmaannaa hawaasaan deebii akkaa argatan taassifamuu ibsaniiru.
Itiyoophiyaatti du’a haadholii fi daa’immanii hir’isuuf tarkaanfiiwwan imaammataa fudhataman bu’aa qabatamaa argamsiiseera.
Jan 9, 2026 53
Amajji 1/2018 (ENA): Du’a haadholii fi daa’immanii hir’isuuf waggoota darban keessa Itiyoophiyaatti tarkaanfiiwwan imaammataa fudhataman bu’aa qabatamaa argamsiiseera jedhan Ministirri Ministeera Fayyaa doktar Maqdas Dhaabaa. Ministirri kun baatii Amajjii keessaa kan kabajamu “Baatii Haadhumma Fayyaalessaa” ilaalchisuun ibsa kennaniiru. Ibsa isaanii kanaan waggoota darbanitti rakkoo fayyaa fi du’a da’umsaan walqabatee dhufu hir’isuuf tattaaffii taasifameen lakkoofsi haadholii dhaabbilee fayyaa keessatti da’an dabaluu isaa ibsaniiru. Dhaabbilee fayyaa keessatti tajaajilli baqaqsanii hodhuu hojiirra ooluu isaatiin jijjiirama akka fide eeruun, qaqqabummaan dhaabbilee fayyaa babal’achuun kunuunsi dahumsa duraa akka dabalu taasifameera. Dhiiga da'umsa booda dhagala’uun rakkoo hamaaf haadholii saaxilu to’achuuf namoonnii fedhii isaaniin akka dhiiga arjooman taasisuun dabalaa jira. Hojiin hanga ammaatti hojjetame jajjabeessa ta’uu eeruun, gara fuula duraattis cimee itti fufa jedhani. Kanaaf kalaqnii fi faayinaansiin itti fufinsa qabu murteessaa ta’uu ibsuun, qaqqabamummaa odeeffannoo fayyaa dijitaalaa babal’isuu, meeshaalee yaalaa guutuu fi tajaajila baqaqsanii hodhuu babal’isuuf qooda fudhattoota waliin ta’uun akka hojjetan mirkaneessaniiru. Barana guyyaan Haadhummaa Fayyaalessaa akka idil addunyaatti yeroo 39ffaa akka biyyaatti immoo yeroo 20ffaaf mata duree "Kalaqaa fi faayinaansii itti fufinsa qabu Fayyaa Haadhummaaf " kan jedhuun sagantaalee hubannoo uumuu adda addaatiin kabajama.
Siyaasa

Itiyoophiyaa fi Chaayinaan dhimmoota damee hedduu irratti walitti dhufeenya isaanii daran cimsuu danda’an irratti mari’atan
Jan 8, 2026 172
Mudde 30/2018(ENA)- Itiyoophiyaa fi Chaayinaan dhimmoota damee hedduu irratti walitti dhufeenya isaanii daran cimsuu dandeessisu irratti mari’achuu Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad ibsan. Har’a Ministira Dhimma Alaa Chaayinaa Waang Yin simachuun dhimma mootummaa fi hariiroo ummataa Itiyoophiyaa fi Chaayinaa itti fufee jiru irratti mari’anneerra jedhan doktar Abiyyi ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin. Dhimmoota tumsa misoomaa adda addaa hojiirra oolchuuf kutannoo qabnu itti fufsiisuu dandeessisu irratti mari’anneerra jedhan. Hariiroon Chaayinaa fi Itiyoophiyaa waggoota kurnan hedduuf kan ture hariiroo cimaa ta’uu eeruun, hariiroon kun taateewwan irratti hundaa’uun kan hin jijjiramne gara tumsa tarsiimoo dhaabbataatti guddateera jedhaniiru. Gama dinagdeen, daldala, bu’uraalee misoomaan, dhiyeessii anniisaa fi geejjibaa, akkasumas dameewwan elektironiksii(E Commerce), guddachaa jiran, daldala dinagdee dijitaalaa, hubannoo namtolchee fi misooma anniisaa magariisaa irratti tumsa keenya cimsuu irratti mari’anneerra jedhan.
Loltummaan gufuuwwan nama mudatan dura dhaabbachuun naamusaa fi gootummaa gaafata.- Leetenaal Jeneraal Shuumaa Abdataa
Jan 4, 2026 577
Mudde26/2018(ENA) – Loltummaan Gootummaa fi naamusa guutuun dhaabbachuun gufuwwan namtolchee fi uumamaan osoo hin injifatamiin cimanii dhaabbachuu gaafata jedhan Ajajaa duula addaa Leetenaal Jeneraal Shuumaa Abdataa ibsan. Gidduugalli Leenjiin duula addaa loltoota leenjii bu’uura loltummaa leenjisaa ture guyyaa har’aa sirna ho’aan eebbiseera. Eebbifamtoonni kun leenjii bu’uuraa Loltummaa fi ulaagaa filannoo koomaandoo kan guutanidha. Sagantaa eebbaa kanarratti kan argaman Ajajaa duula addaa Leetenaal Jeneraal Shuumaa Abdataa ogummaan Loltummaa Gootummaa Naamusaan guutame kan barbaadu ta’uusaan olitti qormaatilee uumamaa fi namtolcheen osoo hin injifatamiin dhaabbachuu barbaada jedhaniiru. Kun yeroo ta’u lubbuu darbuun seenaa hin dabarre barreessuun onnee lammiilee keessatti dhalootaa dhalootatti darbuun barabaraan akka jiraatu ibsaniiru. Leenjii bu’uura loltummaa xumuranii loltoonni eebbifaman fuulduratti komaandoo, humna qilleensaa(ayyarwaladii), humna addaa fi farra shororkeessaa akkasumas eegumsa humna rippaabilikaatti makamuuf leenjii isaan dandeessisu gahumsaan akka bahan hubachiisaniiru. Ajajaan duula addaa fi humna eegumsa rippaabilikaa fi miseensonni yeroo haalli rakkisaan Itiyoophiyaa mudate hundatti jiraachuusaanii qabatamaan kan mirkaneessan ijoollee guyyaa rakkoo ta’uusaanii Leetenaal Jeneraal Shuumaa Abdataa ibsaniiru. Eebbifamtoonni kun turtiisaanii gahumsa qaamaa cimaa, tooftaawwan waraanaa adda addaa, halkanii fi guyyaa bobba’uu fi shaakalaan kan gabbifatan ta’uun olitti barumsa xiinsammuu fi fayyaa kan baratan ta’uusaanii kan ibsan immoo Ajajaa gidduugala Duula Addaa Birgaadar Jeneraal Bojaa Aagaa dha. Gidduugalli leenjii kun humna simannaasaa sadarkaa olaanaan guddisuun kan ibsan Birgaadar Jeneraal Bojaa Aagaa bu’uuraalee misomaa leenjii babal’isuun danda’ameera jedhaniiru. Eebbifamtoonni turtii leenjiisaaniitti hoggantoonnii fi leenjiftoonni isaan gahoomsuuf tattaaffii taassisan hundaaf galateeffachuun, leenjii bu’uuraa koomaandoo fuulduratti isaan eeggatuuf qophii ta’uusaanii odeeffannoon Miidiyaa Onlaayinii Raayyaa Ittisa Biyyaa ni mul’isa.
Aadaan siyaasaa nagaa qabeessi milkaa’ina Filannoo Dimokirasiif bu’uura
Jan 4, 2026 332
Mudde26/2018(ENA)– Aadaan siyaasaa nagaa qabeessi milkaa’ina Filannoo Dimokirasiif bu’uura murteessaa ta’uu Ministirri Nageenyaa Mahaammad Idiriis ibsan. Ministeerri nageenyaa Mana maree waloo paarstiilee siyaasaa Itiyoophiyaa waliin qindaa’uun Mata duree “sochii siyaasaa nagaa qabeessa Filannoo nagaaf“ jedhuun waltajjii marii gaggeessaa jira. Ministirri Nageenyaa Mahaammad Idiriis Waltajjicharratti akka dubbatanitti, Filannoon ijaarsa mootummaa fi sirna dimokiraasii cimsuuf utubaa cimaadha. Paarsiileen siyaasaa nagaa fi tasgabbii biyyaa eegsisuurratti itti gaafatamummaa guddaa akka qaban eeruun, adeemsa filannoo nagaaf qooda murteessa qabaachuusaanii dubbataniiru. Keessumaa waktii filannoos ta’e yeroo biroo sochiiwwan siyaasaa taassifaman kamiyyuu tokkummaa biyyaa fi nageenya uummataa haala eegeen raawwatamuu akka qabu dubbataniiru. Filannoo nagaaqabeessa mirkaneessuuf hojii mootummaa qofa osoo hin ta’iin qindoomina paartiilee siyaasaa, kan dhaabbilee hawaasa sivilii fi tattaaffii hawaasa hundaa kan gaafatu ta’uu ibsaniiru. Filannoon biyyoolessaa 7ffaan milkaa’inaan akka xumutamuuf paartiileen siyaasaa itti gaafatamummaasaanii akka bahaniif waamicha dhiheessaniiru. Itti gaafatamaan Manne maree waloo paartiilee siyaasaa Itiyoophiyaa Salamoon Ayyalaa gamasaaniin Manni mariachi sirna Dimokiraasii cimaa ijaaruu fi sirna paartii himaachisaa cimsuuf shoorasaa taphachaa jiraachuu dubbataniiru. Filannoon biyyoolessaa 7ffaan milkaa’aa akka ta’uuf manni mariachi qophii barbaachisaa raawwachaa jiraachuu ibsaniiru.
Mootummaan Ida’amuu imala badhaadhina biyyaalessaa keessatti dhaabbileen barnoota olaanoo gahee bakka hin buufamne akka qaban cimsee amana - Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimad
Jan 2, 2026 539
Mudde 24/2018 (ENA)- Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Mootummaan Ida’amuu imala badhaadhina biyyoolessaa keessatti dhaabbileen barnoota olaanoo gaheebakka hin buufamne akka qaban cimsee akka amanuu fi hojiirra oolmaa isaaf hojjechaa akka jiru ibsaniiru. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaanii irratti dabarsaniin, yaadni humna jijjiiramaa ta’uu eeruun, hayyoonni immoo bakka buutota jijjiiramaati jedhan. Hayyoonni jijjiirama hawaasa keessatti uuman biyyattii gara badhaadhinaatti kan geessu ta’uu eeruun, gama kanaanis hayyoonni yaada kabajuu fi jaalachuu, gadi fageenyaan xiinxaluu, dubbisuu, kan rakkoo furanii fi furmaata barbaadan ta’uun irraa eegama jedhani. Guyyaa har’aa waltajjii marii waggaa 75ffaa hundeeffama Yunivarsiitii Finfinnee kabajuuf Yunivarsiitichi qopheesse irratti hirmaachuu isaanii hubachiisaniiru. Mootummaan Ida’amuu imala badhaadhina biyyaalessaa keessatti dhaabbileen barnoota olaanoo gahee bakka hin buufamne akka qaban cimsee akka amanu, hojiirra oolmaa isaafis hojjechaa akka jiru dubbataniiru. Dhaabbileen hojii baruu barsiisuu fi qorannoo gara kalaqaa fi gochaatti jijjiiruun teeknooloojii waliin simsiisuun kan isaan irraa eegamu ta’uus cimsanii kan ibsan yoo ta’u, kunis badhaadhina Itiyoophiyaa saffisiisuu keessatti gahee guddaa qaba jedhan.
Itiyoophiyaan Rakkoolee Barootaaf turan bu’urarraa furuun Mootummaa cimaa ijaaruuf mariin biyyoolessaa carraa seenaa qabeessadha
Jan 2, 2026 408
Mudde 24/2018(ENA)–Itiyoophiyaatti rakkoolee baroota dheeraaf turan bu’urarraa furuun mootummaa cimaa ijaaruuf mariin biyyoolessaa carraa seenaa qabeessa ta’uu paartiin morkataa sosochii dimokiraatawaa Uummata Gumuz ibse. Mariin biyyoolessa Itiyoophiyaa erga labsiin hundaa’ee hojii eegalee asitti boqonnaa qophiitii hanga mariitti hanga ammaatti hojiiwwan hedduu hojjeteera. Dhimma kanarratti itti gaafatamaan sabquunnamtii fi miseensi gidduugalaa paartiin Sosochii Dimokiraatawaa Ummata Gumuz Lammeessaa Neenoo ENA’f yaada kennaniin akka ibsanitti, Mariin biyyoolessaa carraa rakkoolee furu qabatee kan dhufe ta’uu himaniiru. Mariin biyyoolessaa rakkoolee yeroo dheeraaf turan bu’uurarraa furuuf mootummaa cimaa hundeessuuf carraa seenaa qabessadha jedhaniiru. Haata’u malee carraa seenaa qabeessa kana milkaa’inaan goolabuuf hundi keenya rakkoolee mariin furuuf kutannoo qabaachuu qabna jedhaniiru. Lammiileen biyya keessaa fi biyya alaa jiraatan dhimma biyyasaaniirratti marii’achuun furmaatasaaf hojjechuun rakkoowwan bu’uurarraa furuuf abbaa ta’uu qabu jedhaniiru. Adeemsa kana keessatti paartiinsaanii hirmaannaa ho’aa taasisuusaa ibsaniiru. Gara fuulduraattis marichi hanga milkaa’inaan xumuramutti gaheesaanii bahuuf qophii ta’uusaanii mirkaneessaniiru. Paartiin sosochi idimokiraatawaa Ummata Gumuz komishinii Marii Biyyoolessaaf ajandaawwan adda addaa kennuusaa yaadachuun dhimmoota kanarratti marii’achuun qaama furmaataa ta’uuf qophaa’uusaa ibsaniiru.
Hojiiwwan Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad baatiiwwan Sadaasaa fi Muddee keessa hojjetan
Jan 2, 2026 410
Mudde 24/ 2018 (ENA) – Ministirri Muummee FDRI doktar Abiyyi Ahimad baatiiwwan Sadaasaa fi Muddee bara 2018 keessa hojiilee ijoo biyyaalessaa, ardiifi idil-addunyaa hojjetaniiru. Hojiileen hundi barbaachisummaa fi dhiibbaa uumuu danda’uu Itiyoophiyaa bu’uura cimaarra kan kaa’anidha. Ministirri Muummee Rippaabiliika Hindi daawwannaaf gara Itiyoophiyaa dhufuu hordofee mariin gamlamee Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad taasisanii fi waliigalteewwan hundagaleessi biyyoottan lameen gidduutti mallattaa’aniif hiikkaa guddaan kennameera. Mariin hoggantoota lameenii irra jireessaan tumsa biyyoonni lameen dameewwan daldalaa fi invastimantiin, dijitaalaayizeeshinii fi tuurizimiin qaban gara sadarkaa olaanaatti ceesisuuf kan kaayyeffatedha. Dabalataanis biyyoota lameen gidduutti deeggarsa bulchiinsa waloo Gumruukaa, Ministeera Dhimma Alaa FDRItti waliigaltee hundeeffama Giddugala Daataa akkasumas waliigalteen kabachiisa nageenyaa idil-addunyaa keessatti kutannoo qaban mul’isuu fi cimsu mallattaa’eera. Kana malees Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimadii fi Ministirri Muummee Naareendiraa Moodiin Paarlaamaatti argamuun Ministirri Muummee Hindi Walga’ii waloo Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa fi Federeeshinii irratti haasawaa taasisaniiru. Dhimmoota Ardii ilaalchisee: Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad deeggartoota Afrikaa fi naannawaa waliin mari’ataniiru. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Mootummoota Gamtoomaniitti Barreessaa Olaanaa Komishinii Diinagdee Afrikaa Kilaavar Gaateetee waliin Afrikaa haalaan kan bakka bu’u Yaa’ii Jijjiirama Qilleensaa Mootummoota Gamtoomanii COP32 Itiyoophiyaan qopheessitu irratti haala Itiyoophiyaa waliin hojjechuu danda’an irratti mari’ataniiru. Bifuma walfakkaatuun Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Itiyoophiyaa fi Gamtaan Afrikaa yaa’ii Ardicha bakka bu’u qopheessuuf walitti dhiyeenyaan hojjechuuf haalota dandeessisan uumuuf, Dura Taa’aa Komishinii Gamtaa Afrikaa fi garee isaanii waliin mari’ataniiru. Marichaanis koop 32 (COP32) milkeessuuf karaalee walta’iinsa ijoo Itiyoophiyaa fi furmaata Afrikaa cimsuun danda’amu irrattis kaafameera. Dabalaanis Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad, Pireezidaantiin Rippabiliika Federaalaa Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad fi pireezdaantii Keeniyaa Wiliyaam Ruutoo daawwannaa hojii Itiyoophiyaatti taasisan simatanii mari’ataniiru. Mariin hoggantoota lamaan gidduutti taasifame adda durummaan hariiroo dippiloomaasii cimsuu irratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsameera. Akkasumas dureewwan biyyoota lamaanii haala nageenya waaraa Gaanfa Afrikaatti buusuun danda’amu irratti kan mari’atan yoo ta’u, kunis nageenyaa, tasgabbii fi furmaata Afrikaa Afrikaanotaaf kan jedhu irratti kan xiyyeeffate ture. Dhimmoota biyya keessaan immoo doktar Abiyyi Ahimad Dijitaala Itiyoophiyaa 2025 sadarkaa guutummaan guutuutti jechuun danda’amuun galma qabameefiin goolabamuu eeruun,Dijitaala Iyiyoophiyaa 2030 ifatti eegalchiisaniiru. Sagantaa Tarsiimoo kana dhaqqabamummaa isaa bal’isuuf lammiilef carraa walqixaa uumuu akkasumas lammiilee fi dhaabbilee giduutti wal amantaa guddisuun kaayyoo ijoo ta’ee gara hojiitti galameera. Dijiitaalaa Itiyoophiyaa 2030n bu’uuraalee dijitaalaa ummataa babal’isuu irratti kan xiyyeeffatamu yoo ta’u, kunis teeknooloojiin dijitaalaa namoota giddu galeessa godhatee jiruu fi jireenya lammiilee fooyyessuuf carraa guddaa kan uumu ta’a. Yeroo sanatti Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad akka ibsanitti, Dijitaala Itiyoophiyaa 2030tiin galmoonni kaa’aman akka milkaa’an dhimmoonni bu’uuraa lama akka jiran eeraniiru. Tokkoffaan dhaqqabamummaa Humna Ibsaa yoo ta’u, waliin gahinsa humna ibsaa soorata teekinooloojii dijitaala jennee fudhachuu dandeenya jedhaniiru. Inni lammaffaan immoo walitti hidhaminsa intarnetii dha kan jedhan Ministirri Muummee, magaalonni hedduun fayyadamoo intarneetii ta’uu akka danda’an ibsaniiru. Haata’u malee waggoottan shaman dhufan kanatti waliin gahinsa kana guutummaan guutuutti naannoolee biroottis babal’achuu akka qabu cimsanii himaniiru. Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 jalatti lakkoofsi maamiloota moobaayilaa miiliyoona 128 akka gahu, uwwisni neetworkii 5G magaalota 100 akka gahu eegama. Walumaagalatti hojiin Dijitaalaa Itiyoophiyaa keessatti hojjetamaa jiru kaayyoo mootummaan Ida’amuu tarsiimoolee gurguddoo birookraasii salphaa ta’een dhugoomsuu waliin kan walqabatu ta’uu Ministirri Muummee doktar Abiyyi ibsaniiru. Gama biraatiin guyyaan ayyaana Saboota, Sablammootaa fi Uummatoota Itiyoophiyaa 20ffaan Naannoo Giddu-galeessa Itiyoophiyaa magaalaa miidhagduu Hosaa’inaa keessatti bakka Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimadii fi qondaaltonni olaanoo mootummaa argamanitti kabajameera. Guyyaan Saboota, Sablamootaa fi Uummatoota Itiyoophiyaa 21ffaan Magaalaa Jimmaatti akka kabajamu ibsameera. Waliigalaan Ministirri Muummee FDRI doktar Abiyyi Ahimad baatiwwan Sadaasaa fi Muddee keessa biyya keessatti ammayyummaa guddisuu, sadarkaa Ardii fi Idil Addunyaatti ammoo dippiloomaasii tarsiimowaa ta’e caalmaatti cimsuuf kutannoo qaban kan itti mirkaneessaniidha. Kanaanis hammattummaa Diijitaalaa guddisuu, tumsa naannawaa fi Idil Addunyaa cimsuu fi hojiileen ol ka’iinsa Itiyoophiyaa mirkaneessan hojjetamaniiru.
“Hayyuun eenyu dha?”
Jan 2, 2026 405
Hayuun nama miiraan oofamu miti. Ibsituuwwan Hayyuu:- • Yaada kan kabajuu fi jaallatu • Gad-fageenyaan kan xiinxaluu fi baay’ee kan gaafatu • Kan dubbisuu fi kan ibsu • Rakkoo kan hiikuu fi furmaata kan kennu Sirna kabajaa Yunvarsiitii Finfinnee wagga 75ffaa irratti cuunfaan yaada kiyyaa kanarratti xiyyeeffata. Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimad

Hawaasummaa
Itiyoophiyaatti du’a haadholii fi daa’immanii hir’isuuf tarkaanfiiwwan imaammataa fudhataman bu’aa qabatamaa argamsiiseera.
Jan 9, 2026 53
Amajji 1/2018 (ENA): Du’a haadholii fi daa’immanii hir’isuuf waggoota darban keessa Itiyoophiyaatti tarkaanfiiwwan imaammataa fudhataman bu’aa qabatamaa argamsiiseera jedhan Ministirri Ministeera Fayyaa doktar Maqdas Dhaabaa. Ministirri kun baatii Amajjii keessaa kan kabajamu “Baatii Haadhumma Fayyaalessaa” ilaalchisuun ibsa kennaniiru. Ibsa isaanii kanaan waggoota darbanitti rakkoo fayyaa fi du’a da’umsaan walqabatee dhufu hir’isuuf tattaaffii taasifameen lakkoofsi haadholii dhaabbilee fayyaa keessatti da’an dabaluu isaa ibsaniiru. Dhaabbilee fayyaa keessatti tajaajilli baqaqsanii hodhuu hojiirra ooluu isaatiin jijjiirama akka fide eeruun, qaqqabummaan dhaabbilee fayyaa babal’achuun kunuunsi dahumsa duraa akka dabalu taasifameera. Dhiiga da'umsa booda dhagala’uun rakkoo hamaaf haadholii saaxilu to’achuuf namoonnii fedhii isaaniin akka dhiiga arjooman taasisuun dabalaa jira. Hojiin hanga ammaatti hojjetame jajjabeessa ta’uu eeruun, gara fuula duraattis cimee itti fufa jedhani. Kanaaf kalaqnii fi faayinaansiin itti fufinsa qabu murteessaa ta’uu ibsuun, qaqqabamummaa odeeffannoo fayyaa dijitaalaa babal’isuu, meeshaalee yaalaa guutuu fi tajaajila baqaqsanii hodhuu babal’isuuf qooda fudhattoota waliin ta’uun akka hojjetan mirkaneessaniiru. Barana guyyaan Haadhummaa Fayyaalessaa akka idil addunyaatti yeroo 39ffaa akka biyyaatti immoo yeroo 20ffaaf mata duree "Kalaqaa fi faayinaansii itti fufinsa qabu Fayyaa Haadhummaaf " kan jedhuun sagantaalee hubannoo uumuu adda addaatiin kabajama.
Galma Milkaa’ina Marii biyyoolessaaf qooda nurraa eegamu ni baana - Waldaalee siivikii
Jan 8, 2026 94
Mudde30/2018(ENA)– Galma Milkaa’ina Marii biyyoolessaaf qooda isaanirraa eegamu bahuuf cimsanii akka hojjetan Waldaaleen Siivikii Naannoo Amaaraatti argaman ibsan. Naannoo Amaaraatti kan argamnii fi dhimmicharratti yaadasaanii ENA’f kennan keessaa Pirezidaantiin Federeeshiniin waldaan Qaama Miidhamtootaa Naannoo Amaaraa Fireesalaam Zagayyee akka ibsanitti, biyya keenyatti garaagarummaa siyaasaa mariin furuun faayidaa hawaasaf hojjechuurratti hanqinoonni jiru. Yaadota sababa wal dhabdeef ta’aniin rakkoowwan uumaman mariin furuun tokkummaa fi walii galteen hawaasa giddiitti akka uumamuuf mariiwwan biyyoolessaa eegalaman carraa guddaadha jedhaniiru. Komishiniin marii biyyoolessaa Itiyoophiyaa galma kana milkeessuuf tattaaffii eegalae dammaqinaan hordofuun ajandaawan mariif ta’an dhiheessuusaanii ibsaniiru. Waltajjii Ajandaa adda baasuu fi walitti qabuurratti qaama miidhamtootni dammaqinaan hirmaachisuun rakkoowwan jiran Ajandaan qabsiisuun danda’ameera jedhaniiru. Rakkoowwan mariin furuun mootummaa cimaa ijaaruuf tattaaffii taassifamuun qoodasaanii bahaa jiraachuu hubachiisaniiru. Pirezidaantii waldaa Dargaggootaa Naannoo Amaaraa Dargaggoo Gaashawu Azenee gamasaaniin, adeemsa ijaarsa biyyaa keessatti garaagarummaa fi wal dhabdeewwan jiran mari’achuun furuun biyyaa cimaa ijaaruuf murteesaa dha. Komishinichatti adeemsa Ajandaa walitti qabuu keessatti naannichatti dargaggoonni bakkeewwan adda addaatii dhufan hirmaachisuun Ajandaasaanii komishinichaaf galchuusaanii ibsaniiru. Komishinichi Waltajjiin marii kutaa Hawaasa adda addaa hirmachisuun dhimmoota gurgudoo biyyaarratti waliigaltee uumuu fi biyya fooyyostuu ijaaruuf tattaaffii taassisu kan deeggarau ta’uu dubbateera. Mariin biyyoolessaa biyya fooyyoftuu fi nageenyishee mirkanaa’ee ijaaruuf carraa guddaa kan uumu ta’uusaan dargaggoonni marichi akka milkaa’uuf komishinicha cinaa dhaabbachuun hojjechaa jiraachuusaanii beeksisaniiru.
Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad mandara moodalaa qindaa’aa Tulluu Araaraa ifatti eebbisan
Jan 7, 2026 258
Mudde 29/2018 (ENA)- Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad mandara moodalaa qindaa’aa Tulluu Araaraa har’a ifatti eebbisaniiru. Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad giifti duree Zunnaash Taayyaachoo fi hoggantoota mootummaa olaanoo waliin ta’uun sagantaa tola ooltummaa gannaa gara olaanaatti kan ceesise mandara moodalaa qindaa’aa Tulluu Araaraa ifatti eebbisuusaanii ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniirratti dabarsaniin ibsaniiru. Mandarri moodalli kun lafa karee meetira kuma 7 irratti kan ijaarame yoo ta’u, tokkoon tokkoon mana kanaa kutaalee ciisichaa lama dabalatee walumaa gala kutaalee shan kan qabu sadarkaasaa eeggatee ijaaramuusaa eeraniiru. Mandarri kun sadarkaa maatiitti lammiilee 150’f mana jireenyaa mijataa fi qulqulluu akka ta’uu yaadamee qophaa’uusaa ministirri muummee ibsanii, bu’uraalee misoomaa kanneen akka daandii keessoo, anniisaa elektiriikii fi soolaarii, bakka Ispoortiin itti hojjetamuu fi misooma magariisaa akkka ta’e himaniiru. Mandarri kun sadarkaa jireenya lammiilee fulla’insaan fooyyessuuf hojmaata qindaa’aa caancala oomishaa fi gabaa of keessaa qabu diriirseera jechuun dubbataniiru. Hojiin misoomaa kun saawwan aannanii fi horsiisa lukkuu akkasumas misooma kuduraa boroo kan qabu yoo ta’u, caancala gabaa bittaa fi gurgurtaa uumuusaa ministirri muummee ergaasaaniin ibsaniiru.
Lammiilee rakkataa ta’an waliin ayyaana dabarsuunii fi waan qabnu qooddachuun duudhaa Itiyoophiyaa kan ibsudha – Kantiibaa Adaanech Abeebee
Jan 7, 2026 149
Mudde 29/2018 (ENA)- Lammiilee rakkataa ta’an waliin ayyaana dabarsuunii fi waan qabnu qooddachuun duudhaa Itiyoophiyaan qabdu ta’uusaa Kantiibaanbulchiinsa magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee ibsan. Kantiibaa Adaanech Abeebee wiirtuu soorataa Tasfaa Biraan Gullalleetti argamuun maaddii qooduun kanneen humna hin qabnee fi rakkataa ta’an waliin ayyaana qillee kabajaniiru. Kantiibaa Adaanech ergaa dabarsaniin, yeroo ayyaanaa kan qabnu qooduun, warra rakkatan yaadachuu fi walooma cimsuun duudhaa Itiyoophiyaan ittiin beekamtudha jedhaniiru. Duudhaa gaarii kana qabatamaan mul’isuuf guyyaa har’aa wiirtuuwwan soorataa magaalaa Finfinneetti argaman 26 keessatti maaddii qooduun ayyaanichi waloomaan kabajamaa jiraachuu eeraniiru. Kantiibaa Adaanechi wiirtuu soorataa Tasfaa Biraan Gullalleetti argamnee Abbootii, Haadholii fi daa’imman waliin ayyaana Qillee kabajneerra jedhaniiru. Maadii qoduun gamatti yeroo hunda fayyadamummaa lammiilee fulla’insaan mirkaneessuu fi Finfinnee fooyyofte waloomaan ijaaruuf bulchiinsichi kutannoon hojjechaa akka jiru ibsaniiru. Dureeyyii, tola ooltotaa fi jiraattota magaalaa Finfinneetti hojii tola ooltummaa lammiilee humna hin qabne, kanneen biyyaaf oolmaa oolanii fi kutaalee hawaasaa rakkoo keessa jiran deeggaruuf taasifamu keessatti hirmaatan galateeffataniiru.
Diinagdee
Godinichatti Misoomni Dammaatooniin kuma 12 fi 600 ol gabaaf dhihaateera
Jan 9, 2026 27
Amajjii1/2018(ENA)- Godina Walagga Bahaatti bara baajatichaatti Omishni Dammaa tooniin kuma 12 fi 674 gabaaf akka dhihaatu waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksise. Naannoo Oromiyaatti Innisheetifoota misoomaa haaraa bocamanii hojjetamaa jiran keessaa misoomni Dammaa tokko dha. Godinni Wallaga Bahaa Godinoota misooma dammaaf mijatoo jedhaman keessaa tokko dha. Waajjira Qonnaa Godinichaatti Itti Gaafatamaan kutaa kunuunsaa fi misooma Beelladaa Addisuu Duubee haala Qilleensaa mijataa fi Qabeenya bosonaa fayyadamuun hanga misooma dammaa guddisuuf hojjetamaa jira jedhaniiru. Bara baajataa qabametti damma toonii kuma12 fi674 gabaaf dhiheessuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu kaasuun,hanga ammaatti tooniin kuma 8 ol gabaaf dhihaachuu ibsaniiru. Karoora qabame miilkeessuuf Gaagura Ammayyaa qonnaan bulaaf bal’inaan dhiheessaa jiraachuu ibsaniiru. Bara baajataa qabame kanatti qofa gaagura ammayyaa kuma 2 fi 500n qonnaan bulaaf kan dhihaatan yoo ta’an walii gala gaagura cehumsaa kuma 38 fi 147 fi gaagura Aadaa kuma 84 fi 961 hojiin horsiisa kaannisaa hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Godinichatti qonnaan bultoonni kuma26 ol hojii misooma kaannisaarratti bobba’uusaanii ibsuun, omishtoonni damma biroon Godinichatti Aanaa Diggaatti akka argaman ibsaniiru. Itti gaafatamaan waajjira Qonnaa Aanaa Diggaa Obbo Yisihaaq Addisuu , Aanichatti gaagura ammayyaa kuma22 fi 500n hojiin kaannisa horsiisuu ammayyaa hojjetamaa jirachuu ibsaniiru. Barabaajatichaatti baatiiwwan6n darbanitti,dammi tooniin820 omishamee gabaaf dhihaachuu ibsuun , Aanichatti Qonnaan bultoonni kuma 13 fi 760 hojii horsiisa kaannisaarratti bobba’anii jiraachuusaanii ibsaniiru. Qonnaan bultoota Aanichaa waldaan gurmaa’uun Damma Omishan keessaa MaammooUummataa fi hiriyoonnisaa torba gaagura ammayyaa 50n hojii horsiisa kaannisaa hojjechaa jiru. Waggoottan darban dammi kiiloogiraamiin 120 gabaaf dhiheessuu sanii ibsuun bara kana damma kg 200 gabaaf dhiheessuuf qophaa’aa jiraachuu ibsaniiru. Jiraataan Aanichaa biroon obbo Biraanuu Hinkoo, Gaagura ammayya 7 qabaniin hojii kaannisa horsiisuu hojjechaa kan jiran yoo ta’an bara kana damma kg 40 gabaaf dhiheessuusanii dubbataniiru.
Abbootii qabeenyaa Haroo namtolchee Nigaatitti misooma invastimantii turizimii irratti hirmaataniif roodmaappiin misoomaa mijataan qophaa’eera
Jan 9, 2026 27
Amajji 01/2018(ENA)- Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaatti abbootii qabeenyaa Haroo namtolchee Nigaatitti misooma invastimantii turizimii irratti hirmaataniif roodmaappiin misoomaa mijataan qophaa’uu Ministirri Turizimii ibse. Mootummaan jijjiiramaa turizimii dameelee utubaa diinagdee shanan keessaa tokko taasisee fudhachuun kunuunsaa fi eegumsa hambaaleef, haaromsaa fi misooma bakkeewwan haaraa hawwata turizimii irratti xiyyeeffachuun isaa dameen kun akka bayyanatu taasiseera. Deetaan Ministira Turizimii Silashii Girmaa ENAtti akka himanitti, Itiyoophiyaan bakkeewwan hawata turizimii qalbii namaa hawatu, amantaa, aadaa fi uumamaan kan badhaate ta’uu ibsaniiru. Yeroo dhiyoo as bakkeewwan hawata turizimii kanneen misoomsuun diingdeen gama kanaan jiru akka guddatu ta’eera jedhan. Hoggansa Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimadiin kan ijaaraman iddoowwan hawata turizimii ta’an daawwattootaaf haala mijataa uumuun dorgomtummaa turizimii haalaan dabalaa akka jiran ibsaniiru. Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaatti Haroo Nigaatitti invastimantii turizimii, misooma qurxummii, geejjibaa bishaanii fi hawata turizimii biroo guddisuuf roodmaappiin qophaa’uus ibsaniiru. Kanaafis hirmaannaa invastimantii turizimii Haroo Nigaat damee dhuunfaa guddisuuf qooda fudhattoota, mootummaa federaalaa fi bulchiinsa mootummaa naannoo Benishaangul Gumuuz waliin ta’uun hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Abbootii qabeenyaa turizimii Haroo Nigaat irratti hirmaataniif ijaarsi meeshaalee, konkolaataanii fi meeshaaleen biroo tajaajila qaraxarraa bilisa ta’e akka argatan haalli mijachuu ibsaniiru.
Abbummaa ulaa galaanaa Itiyoophiyaa mirkaneessuun hojii manee murteessaa dhalootaati
Jan 9, 2026 74
Amajji 1/2018(ENA) – Abbummaa ulaa galaanaa amansiisaa fi guddina dinagdee Itiyoophiyaaf shoora olaanaa qabu mirkaneessuun dhaloota ammaa kanaaf hojii manee murteessaa ta’uu hayyoonni ENAn dubbise ibsan. Itiyoophiyaan buufata galaanaa matashee qabdu turte maal na dhibeedhaan warri uummata bakka buune jedhan kan shiraan dhabsiisan waan ta’eef dogongora ta’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaan kanaan dura buufata galaanaa mataashee qabdu turte shira irratti hojjetameen dhabuun ishee immoo biyyoota biroo irratti akka hirkattu ishee dirqisiiseera; kuni immoo guddina diinagdee fi birmadummaa ishee irratti dhiibbaa olaanaa geessiseera. Biyyoonni adda addaa, hayyoonni seenaa, hayyoonnii biroo fi uummanni gaaffii abbummaa buufata galaanaa Itiyoophiyaa akka dhimma tarsiimoo hubannoo fi haqa qabeessa ta’een dantaa biyyaalessaa kabachiisuuf kaasaniiru. Qorataan seenaa piroofeesar Adam Kamiil ENA waliin turtii taasisaniin akka jedhanitti, qaroominni Itiyoophiyaa galaana Diimaa fi laga Naayil waliin hariiroo cimaa qaba. Itiyoophiyaan buufata galaanaa ishee irraa diinota keessaa fi alaan shira irratti dalagameen buufata ishee amansiisaa ta’e irraa qollifamte jedhan. Kanaanis waggoottan kurnan sadan darban diinagdeen, hawaasummaanii fi siyaasaan gatii guddaa akka kaffaltu dirqamteett jedhan. Kanaafuu Itiyoophiyaan buufata galaanaa isheetti akka deebituuf dhaloonni ammaa hojii manee guddaa qabaan ibsan. Ministeera Geejjibaa fi Loojistikiitti qorataan imaammataa fi tarsiimoo doktar Tamasgeen Waalelinyi akka jedhanitti, Itiyoophiyaan buufata galaanaa dhabuun sochii loojistiksii irratti dhiibbaa guddaa uumeera. Itiyoophiyaan maallaqa kiraa buufata doonii fi geejjibaa irratti baastu dabalatee, al-ergii fi galtee ishee irratti miidhaa guddaa geessisuun dorgomtummaa daldala idil-addunyaa ishee hir’isaa akka jiru ibsaniiru. Gaaffiin abbummaa ulaa galaanaa mirkaneessuuf dhiyaate cabinsa dinagdee damee loojistiksii itti fufinsaan kan suphu dippiloomaasii murteessaa ta’uu dubbataniiru.
Itiyoophiyaan buna sona itti dabaltee gabaa addunyaatti erguun galii sharafa alaa ishee guddisuuf hojjechaa jirti
Jan 9, 2026 46
Amajji 1/2018 (ENA)-Itiyoophiyaan buna sona itti dabaluun gabaa addunyaatti erguun galii sharafa alaa ishee haalaan guddisuuf cimtee hojjechaa akka jirtu Abbaan Taayitaa Bunaa fi Shaayii Itiyoophiyaa beeksise. Itiyoophiyaan biyya argama bunaa fi Afrikaa keessaa oomisha bunaan adda duree kan taate yoo taatu, buna sona itti dabaluun gabaa biyya alaatti erguuf hojiin eegalame galii damichaa sadarkaa olaanaatti kan ceesisu ta’uu ibsameera. Bara baajataa darbe keessa Itiyoophiyaan buna toonii kuma 470 gara gabaa alaatti erguun doolaara biiliyoona 2 tuqaa 6 argatteetti. Daarektarri olaanaa abbaa taayitichaa doktar Addunyaa Dabalaa ENAtti akka himanitti, waggoota muraasa darbanitti xiyyeeffannaan addaa damichaaf kennameen roodmaappiin tarsiimoo bunaa waggaa 15nii qophaa’ee hojiirra ooleera jedhan. Rakkoolee caasaa damichaa adda baasuun, oomishaa fi oomishtummaa guddisuu, carraa gabaa babal’isuuf hojiin bu’a qabeessa ta’e hojjetamuusaa ibsaniiru. Muka bunaa dullooman oomishtummaan isaanii gadi aanaa ture gamashuun oomishtummaa gama kanaan jiru guddisuuf hojiin hojjetame bu’aa olaanaa galmeessiseera jedhan. Deeggarsa sagantaa Ashaaraa Magariisaa biyyoolessaatiin biqiltuuwwan bunaa haaraan bal’inaan akka dhaabaman eeraniiru. Gabaa idil-addunyaa keessatti dorgomaa ta’uuf baay’ina oomishaa qofa osoo hin taane qulqullinni barbaachisaa ta’uu kan hubachiisan yoo ta’u, bunni qulqullina olaanaan akka oomishamuuf hordoffiin cimaan taasifamaa akka jirus ibsaniiru. Oomishtummaa dabaluu cinaatti, cancala gabaa gabaabsuun akka xiyyeeffannoo ijootti hojjetamaa akka jiru hubachiisaniiru, kanaanis jijjiiramni argamaa jiraachuu ibsaniiru. Sirna gabaa kanaan dura rakkisaa ture imaammataan gabaabsuun hamma oomisha qisaasamaa hir’isuun dhiibbaa hamaa qulqullina irratti uumamaa ture dhabamsiisuun akka danda’ames eeraniiru. Itiyoophiyaan kanaan dura buna callaa qofa gabaa addunyaatti erguun bu’aa hamma barbaadamu irraa argachaa kan hin turre ta’uu eeruun, wayita ammaa garuu qajeelfamni bahee bunni sonni itti dabalamee; akaahuunii fi daakuun gabaa addunyaaf erguun sharafni gama kanarraa argamu akka dabalu taasiseera jedhan. Dhaabbileen buna akaahan hedduun karaa Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa, hoteelota gurguddoo fi bakkeewwan hawwata turistootaatti oomisha isaanii maallaqa biyya alaatiin gurguruu eegaluu isaanii hubachiisaniiru.
Saayinsii fi teeknooloojii
Odeeffannoon saatalaayitoonni Itiyoophiyaa maddisiisan faaydaa hawaasummaa fi diinagdee olaanaa gumaachaniiru.
Jan 8, 2026 83
Mudde 30/2018(ENA)- Odeeffannoon saatalaayitoonni Itiyoophiyaa maddisiisan faaydaa hawaasummaa fi diinagdee olaanaa gumaachaniiru jechuun ibse Inistiitiyuutiin Saayinsii Hawaa fi Ji'oospaashiyaal Itiyoophiyaa. Inistiitiyuutichi bara dhufu saatalaayitii odeeffannoo lafaa kennu sadaffaa gara hawaatti furguggisuuf qophiin taasifamaa jiraachuu beeksiseera. Itiyoophiyaan saatalaayitii jalqabaashee ‘ET-RSS1’ akkasumas lammaffaa immoo ET-SMART-RSS kannee jedhaman saatalaayitoota odeeffannoo gara hawaatti furguggisuun ishee ni yaadatama. Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutii Saayinsii Hawaa fi Ji’oospashiyaal Itiyoophiyaa Abdiisaa Yilmaa ENAtti akka himanitti, saatalaayitoonni odeeffannoo lafaa lama kanaan dura gara hawaatti ergaman yeroo tajaajila isaanii xumuraniiru. Saatalaayitoonni odeeffannoo lafaa kuni faayidaa teeknooloojii, saayinsii, hawaasummaa fi dinagdee hedduu akka gumaachan himaniiru. Kanaanis wabii nyaataa mirkaneessuun, eegumsa naannoon, eegumsa bulchiinsa qabeenya uumamaan, damee qonnaan, karoora magaalaa fi misooma bu’uuraalee misoomaan, akkasumas dantaa biyyaalessaa fi ijaarsa ilaalcha gaarii biyyaaf gumaacha guddaa akka buusan ibsaniiru. Yeroo ammaa kana saatalaayitii qulqullina suuraa fi dandeettii yeroo olaanaa qabdu ET-RSS2 jedhamtu Muddee 2019 gara hawaatti furguggisuuf hojjetamaa akka jiru beeksisaniiru. Saatalaayitiin itti aanu furguggifamtu ET-RSS 2 teeknooloojii ammayyaa kan qabdu yoo ta’u, turtii waggaa shanii hawaa irratti akka qabaattu kan eegamu ta’uu ibsameera. Saatalaayitoota kanaan dura furguggifaman irraa odeeffannoo argaman fudhachuu, xiinxaluu, to’achuu fi dandeettii suphuu uumamuun dada’ameera jedhan. Saatalaayitii sadaffaa furguggisuuf tattaaffiin taasifamaa jirus dandeettii misooma saatalaayitii Itiyoophiyaa kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru.
Yoo barannee fi qophaa'aa yoo taane Hubannoo Namtolcheetiin sadarkaa hin tuffatamnerra ni geenya- Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimad
Jan 6, 2026 144
Mudde 28/2018(ENA)-Yoo barannee fi qophaa'aa yoo taane Hubannoo Namtolcheetiin sadarkaa hin tuffatamnerra ni geenya jechuun hubachiisani Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad ayyaana waggaa 75ffaa hundeeffama Yunivarsiitii Finfinnee ilaalchisuun waraqaa qorannoo dhiyeessuun haasawaa taasisaniiru. Waraqaa isaanii erga dhiyeessanii boodas gaaffilee dhiyaateef deebiifi ibsa kennaniiru. Wayita sanattis mootummaan misooma koriidaraa fi daandii hojjetee jiraattotaaf yeroo dhiyeessu kana immoo haala gaariin qabuun akkamiin akka danda'amurratti hayyoonni magaalummaa sammuu dhala namaa irratti hojjechuu isaan barbaachisa jedhan. Hubannoo namtolchee waliin walqabatees Itiyoophiyaan biyya abdii olaanaa qabdu ta'uu ibsaniiru. Hubannoon namtolchee kan inni barbaadu keessaa tokko humna ibsaa ta'uu eeruun, gama kanaan Itiyoophiyaan baay'ee oomishuuf humna akka qabdu mirkaneessaniiru. Humna ibsaa irratti invastii yoo goone hubannoo namtolcheef furmaata tokko arganne hechuudha jechuun ibsaniiru. Kan biroo hubannoon namtolchee kan inni barbaadu dhimma odeeffannoo(daataa) fi giddugala odeeffannoo( data centre) ta'uu hubachiisani. Galteewwan hubannoo namtolcheef oolan baay'inaan Afrikaa keessatti akka argaman himaniiru.
Kalaqawwan teekinooloojiin dargaggoota rakkoo furan
Jan 5, 2026 185
Kolleejjii Pooliiteeknikaa Jeneraal Wiingeetiitti Leenjisaa kutaa Maanufaakchariingii kan ta'an Warquu Fantaahuunii fi hiriyaan isaanii teeknooloojii indaastirii horsiisa lukkuu Itiyoophiyaa ammayyeessuu kan dandeessisu kalaqan. Godoo horsiisa lukkuu ammayyaa (keejii) kalaquuf kan isaan kakaase horsiisa lukkuu aadaan kan jiru ture ammayyeessuuf akka ta’e ibsaniiru. Keejiin horsiisa lukkuu ammayyaa bakka xiqqoo irratti lukkuuwwan hedduu horsiisuunii fi lukkuuwwanis qulqullinaa fi fayyummaan isaanii haala eegameen akka qabaman isaan taasisa. Kana malees killeen osoo hin cabiin akka guuramu gargaara jedhaniiru. Gara fuula duraatti teekinooloojii kana beeksisuufi baay’inaan oomishuun gabaaf akka dhiyaatu ni ta’a jedhaniiru. Qaama miidhamtoota haala salphaan nyaachisuu fi dhangala’oo obaasuu kan dandeessisu dargaggoon roobootii kalaqe Kolleejjii Pooliteeknikaa Jeneraal Wiingeetiitti barataa eebbifamaa sadarkaa afraffaa Teeknooloojii Elektirooniksii Industirii barataa Daagim Gaarxaawu dha. Roobootichi tuttuqqaa namaa malee qaama miidhamtoonni haala salphaan akka itti fayyadamaniif kan kalaqamedha jedheera. Hojiin kuni akka milkaa’uuf kollejjichi wantoota barbaachisan deeggarsa ogummaa fi kanneen biroo dhiyeessaafii turuu himeera. Itti aanaan diinii Tajaajila Misooma Teeknooloojii fi Industirii Kolleejjichaa Damee Marshaa walta’iinsa leenjistootaa fi leenjifamtootaan hojiiwwan kalaqaa bu’a qabeessa ta’an hojjetamaa akka jiran ibsaniiru. Kalaqawwan teeknooloojii kolleejjicha keessatti hojjetamanii fi itti fayyadaman keessaa warshaaleen nyaata beeladootaa, godoo(keejii) lukkuu ammayyaa, maashinii pilaastika daakuu, qindeessuu fi maashiniiwwan pilaastika gara oomisha adda addaatti jijjiiruu danda’an kanneen kollejjicha keessatti kalaqaman ta’uu ibsaniiru. Kalaqawwan teekinooloojiiwwan kanneen hawaasa biraan gahuuf qooda fudhattoota waliin walitti dhiyeenyaan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutii Leenjii Teeknikaa fi Ogummaa Fedaraalaa doktar Biruuk Kadir gama isaaniin dhaabbileen leenjii teeknikaa fi ogummaa kalaqxoota teeknooloojii fi teeknooloojiiwwan rakkoo furan horachuu ciminaan hojjechaa akka jiran ibsaniiru. Itiyoophiyaan Oomishaalee teeknooloojii adda addaa biyya birootii galchitu,kan biyya keessaan bakka buusuuf teknooloojiiwwan rakkoo furan haaraa uumuuf hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru. Itti dabaluunis, kalaqni teeknooloojii damee teeknikaa fi ogummaatiin kalaqaman misooma biyyattiif bu’aa jajjabeessaa fidaa jira jedhan. Inistiitiyuutichi sagantaa gabbisa ogummaa biyyoolessaa hojiirra oolchuun, qaamolee adda addaa waliin ta’uun lammiileen kalaqa teeknooloojii irratti bobba’an akka milkaa’aniif deeggarsa gochaa akka jiru ibsaniiru.
Sirni Gurgutaan Dijiitaalaa sochii daldalaa ariifachiisaa jira
Jan 4, 2026 208
Mudde26/2018(ENA)– Sirna gurguraa dijiitaalaa Itiyoophiyaatti guddachaa dhufeen sochii daldala ariifachiisuurra darbee faayidaa hedduu argamsiisaa jiraachuu jiraattonni magaalaa Finfinnee ENA’f yaada kennen ibsan. Jiraattonni kun gabaa Ayyaana Qillee fi Ximqataa tajaajila Teelee birrini fi Mobaayil Baankiin fayydamuun bu’aa bahii tokko malee raawwachuuf qopha’uusaanii ibsaniiru. Jiraattota yaadasaanii ENA’f kennan keessaa obbo gazaahanyi Makaashaa akka ibsanitti sirni gurgurtaa Dijiitaalaa haala mijataa uumeen kaffaltii kamiyyuu teelee birri fi mobaayil Baankingiin akka raawwatan ibsaniiru. Kunis yeroo fi humna qusachuurradarbee,maallaqa socho’aa qabachuun sodaa isaan mudatuu fi burjaajjessitootarraa of eeguu akka isaan gargaare ibsaniiru. Haata’u malee ayyanota dhufaniif waantota bitan dijiitaalaan fayyadamuuf qophaa’uusaanii dubbataniiru. Dabalataanis Doktar Saaron Siisay akka jedhanitti tajaajilli kaffaltiiwwanii ammaan dura turan deddeebbiin kan guutaman yeroo sirnaan fayyadamuuf kan hin mijanne akka turan ibsaniiru. Amma garuu tajaajilli kaffaltii hundi dijiitaalaan raawwatamuun haala hunda kan salphise ta’uu ibsaniiru. Guddina Ariifataa Itiyoophiyaan eegalte ittifufsiisuuf Addunyaa dijiitaalaatti makamuunshee kan isaan gammachiise ta’uu barsiituu Fireehiwoot Lammaa ibsaniiru. Ofiisarri olaanaan Biizinasiimanii Itiyoo teeleekoom Obbo Buruuk Adaanaa dhaabbatichi Mul’ata Dijiitaala Itiyoophiyaa dhugoomsuuf ciminaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Waggoottan Afran darban kaffaltiiwwan dijiitaalaa miiliyoona 57 ol ta’an gama maamiltootaan gurgurtaan birriii tiriiliyoona 6 ol raawwatameera. Ayyana Qillee fi Ximqataa dhufutti gurgurtaa dijiitaala maamiltootaa raawwatamuun maamiltoo addan citinsa tokko malee akka raawwataniif haaldureen qohii taassifamuu mirkneessaniiru.
Ispoortii
Dursaan liigichaa Arsenaal Liivarpuul waliin Qixa bahe
Jan 9, 2026 57
Amajjii 1/2018 (ENA) -Piriimar liigii Ingilizi sagantaa torban 21ffaan Arsenaalii fi Liivarpuul taphatanii galchii malee qixaan adda bahaniiru. Tapha kaleessa galgala Istaadiyeemii Emireetisitti gaggeeffameen tapha walakkaa jalqabaatiin Arsenaal, walakkaa 2ffaatiin Liivarpuul caalmaa fudhachuun tapahataniiru. Arsenaal carraa goolii baay’ee uumus ijnifachuu hin dandeenye. Taphataa sarara duraa miidhaan kan dhabe Liivarpuul taphicharratti dhiibbaa uumeera. Akkaataa qabxii kanaatiin Arsenaal qabxiisaa gara 49tti yoo guddisu garaagarummaan qabxii Maanchistar Siitii waliin qaban qabxii 6n itti fufeera. Liivarpuul qabxii 35niin sadarkaa 4ffaa qabateera. Tapha Liigichaa lamaan Liivarpuul arsenal galchii akka hingalchine gochuu danda’eera. Kilaboonni lameen tapha marsaa lammataa taassisaaniin Liiverpuul 1 fi 0n injifachuunsaa ni yaadatama.
Piriimar Liigii Ingilizitti Taphni Arsenaalii fi Riivarpuul gaggeessan hawwiin eegama
Jan 8, 2026 90
Mudde30/2018(ENA)– Piriimar liigii Ingiliz sagantaa torban 21ffaan Arsenaalii fi Liivarpuul taphi har’a gaggeessan hawwiin ni eeggama. Taphni kilaboota lamaanii galgala sa’aatii 5:00 Istaadiyeemii Eemmiretisitti gaggeeffama. Arsenaal Dorgommii bara Kanaan taphoota20 gaggeesseen yeroo15 yoo injifatu 2n injifatamee 3n qixaan adda baheera. Arsenaaltaphichaan galchii40 yoolakkoofsisu galchii14 keessummeessee, qabxii 48n sadarkaa 1ffaa qabateera. Morkataansaa Liivarpuul liigichatti tapha20gaggeesseen yeroo10 yoo injifatu yeroo6 mo’ameera afuriin qabxii dhabeera. Taphichaan galchii 32 yoo lakkoofsisu galchii 28 keessummeesseera. Injifataan ligichaa Liivarpuul qabxii 34n sadarkaa 4ffaa qabateera. Arsenaalii fi Liivarpuul Dorgommiiwwan hundaan hanga ammaatti yeroo245n walitti dhufaniiru. Liivarpuul yeroo 96 mo’uun dursummaasaa yoo qabatu Arsenaal gamasaan yeroo 83 yoo injifatu yeroo 66 qixaan adda baheera. Piriimar liigichatti yeroo 67 walitti dhufanii liivarpuul yeroo 26 yoo injifatu Arsenaal yeroo 18 injifateera. Taphoota hafan 23n Qixaan adda bahaniiru. Taphasaanii waliinii 5n darbaniin lamaan isaanii haala walfakkaatuun yeroo tokko yoo injifatan taphoota hafan 3n qixaan adda bahaniiru. Gareewwan lamaanSagantaa liigichaa bara Kanaan tapha marsaa jalqabaa gaggeessaniin Liivarpuul 1fi 0n injifachuunsaa ni yaadatama. Arsenaal yoo injifate hordofaasaa Maanchistar Siitii waliin garaagarummaa qabxii qabu gara 8 ol guddisa. Taphicha Antoonii Teeyiler Tapha gareewwan lamaanii Hawwiin eegamu Abbaaseerummaan gaggeessu.
Taphni Manchister Siitii fi Cheelsii har'a taphatan ni eegama.
Jan 4, 2026 236
Mudde 26/2018(ENA): Piriimeer Liigii Ingilizii torbee 20 oolmaa guyyaa 2ffaa taphoonni jaha ni taphatamu. Halkan sa'aatii 2:30tti Manchister Siitiin Cheelsii waliin Istaadiyeemii Itihaaditti taphata. Manchister Siitiin qabxii 41n sadarkaa 3ffaa yoo qabatu, Cheelsiin immoo qabxii 30n sadarkaa 5ffaa qabateera. Kilaboonni lamaan kuni tapha Piriimar Liigiin waliin taphachuun isaanii kuni yeroo 57ffaafi dha. Taphoota kanaan dura taphatan 56n Cheelsiin yeroo 27 yoo injifatu,Manchister Siitiin yeroo 20 mo'atee taphoota 9 immoo qixa bahaniiru. Taphoota Liigii shan taphataniin Manchistar Siitiin yeroo sadii yoo injifatu taphoota lama immoo qabxii qooddataniiru. Leenjisaa Inzoo Maareeskaa irraa kan gargar bahe Cheelsiin taphoota Liigichaa sadii injifachuu hin dandeenye. Manchister Siitiin kan moo'atu yoo ta'e,dursaa Liigichaa Arsenaal waliin garagarummaa qabxii qabu gara afuriitti gadi kan buufatu ta'a. Cheelsiin kan injifatu yoo ta'e immoo gara daandii injifannootti deebi'a. Taphicha gaheessi umurii 40 Maaykil Olivar abbaa murtii olaanaa ta'uun gaggeessu. Taphoota birootiin ammoo Liidsi Yunaayitid guyyaa sa'aatii 9:30tti Maanchistar Yunaayitid waliin yoo taphatu, Fuulhaam ammoo galgala sa'aatii 12tti Liivarpuul waliin ni taphata. Totenihaam Hotisparsi Sanderland waliin, Everton Birentifordi waliin, Niwuukaastil United ammoo Kiristaal Paalaas waliin galgala sa'aatii 12tti taphatu.
Dursaan liigichaa Bunni sidaamaa Hadiyyaa Hosaa’inaa waliin taphata
Jan 4, 2026 141
Mudde26/2018(ENA)–pirimar liigii Itiyoophiyaatti torban 13ffa oolmaasaa guyyaa 2ffaan taphoonni 4 gaggeeffamu . Galgala sa’atii 12:00 Hosaa’inaan Buna Sidaamaa waliin Istaadiyeemii Saayinsii fi Teekinooloojii Yuunvarsiitii Adaamaatti taphasaanii gaggeessu. Hadiyyaa Hosaa’inaa liigichatti taphoota 12 gaggeessee yeroo 4 yoo injifatu haaluma walfakkaatuun yeroo 4 mo’ameera. Taphoota hafan 4n qixaan adda baheera. Garichi qabxii 16n sadarkaa 9ffaa qabateera. Morkataansaa Bunni Sidaamaa gamasaan bara dorgomichaatti taphoota 12 gaggeesse keessaa 7 yoo injifatu ,yeroo tokko qofaa mo’ame . Yeroo 4 qabxii qooddateera. Bunni Sidaamaa qabxii 25n liigicha dursaa jira. Sidaamaan yoo injifate dursummaasaa ni cimsata. Hadiyyaa Hosaa’inaa yoo injifate yeroo 4ffaa injifannoo liigichaa galmeessa. Nagellee Arsii Machaal waliin guyyaa sa’aatii 7:00 Istaadiyeemii Finfinneetti taphatu. Guddaattuu haaraan Nagellee Arsiin Bara dorgomichaatti taphoota 12 gaggeessee 5n yoo injifatu 3n mo’ameera. Taphoota 4n qixa adda baheera. Taphichan qabxii 12 galmeessuun sadarkaa 7ffaa qabateera. Morkataansaa Machaal liigichatti taphoota 12 gaggeesse keessaa 4n yoo injifatu yeroo 2 mo’amera. Taphoota 6 hafaniin qabxii dhabeera. Garichi qabxii 20n sadarakaa 6ffaa qabateera. Nagellee Arsiin injifannoon itti fufuuf, Machaal gara Injifannootti deebi’uuf kan taassisanidha. Magaalaan shaggar Baankii daldala Itiyoophiyaa waliin guyyaa sa’aatii 9:00 Istaadiyeemii Saayinsii Fi Teekinooloojii Yuunvarsiitii Adaamaatti taphatu. Guddattuu Haaraan Magaalaan Shaggar qabxii 12n sadarkaa 17ffaa qabatee sadarkaa gad bu’aa keessatti argama. Baankin daldala Itiyoophiyaa qabxii 15n sadarkaa 11ffaa qabateera. Magaalaan Shaggar taphoota sadiin booda gara injifannootti deebi’uuf Baankii Daldala Itiyoophiyaa waliin injifannoo itti fufaa galmeessuuf taphata. Sagantaa biroon Bunni Itiyoophiyaa Midiregannat Shire waliin guyyaa sa’aatii 10:00 irratti taphatu. Bunni Itiyoophiyaa qabxii 15n sadarkaa 13faa qabateera. Midiregannet Shireen qabxii 14n sadarkaa 14 qabateera. Taphichaan Bunni Itiyoophiyaa inifannoo ittifufaa galmeessuuf , Midiregannat Shireen taphoota ittifufaa 4n booda gara injifannootti deebi’uuf kan taphatanida.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Naannichatti lafa Asiidummaa Biyyeen miidhame Xaa’oo uumamaa fi Nooraan wal’aanuun gara omishaatti galchuuf xiyyeeffannoon kennameera
Jan 9, 2026 27
Amajjii1/2018 (ENA)-Naannoo Oromiyaatti lafa Asiidummaa Biyyeen miidhame Xaa’oo uumamaa fi Nooraan wal’aanuun gara omishaatti galchuuf xiyyeeffannoon kennamuu Biiroon Qonnaa Naannichaa ibse. Biirichatti Daarektarri fooyya’insa gabbina biyyee Isheetuu Laggasaa ENA’f akka himanitti omishaa fi omishtummaa Qonnaan bultootaa guddisuuf gabbina biyyee fi fayyummaasaa eeguuf xiyyeeffannoon kennameera. Keessumaa Lafa Asiidiin miidhame xaa’oo uumamaa fi Nooraan wal’aanuuf qonnaan bulaaf hubannaa uumuu fi deeggarsi ogummaa taassifamaa jira jedhaniiru. Naannichatti lafti hektaarri miiliyoona 2 tuqaa 3 Asiidummaa biyyeef saaxilamuu ibsuun rakkicha furuuf laficha xaa’oo uumamaa fi Nooraan wal’aanuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Xaa’oon uumamaa kun Kompoositii fi varmii kompoositiin akkasumas baayoogaaziin, hafteewwan omishaa fayyadamuun qophaa’aa jirachuu dubbataniiru. Bara baajatichaatti adeemsa hanga ammaan meetirkiyuubikii 100 ol Xaa’oon uumamaa qophaa’ee tajaajilarra oolaa jira jedhaniiru. Dhiheessii nooraa guddisuuf Waarshaa Nooraa Gudaritti baabura lama guyyaatti kuntaala
Godina Shawaa Bahaatti hojiin misooma suluulaa Qindaa’aan namoota kuma 400 ol hirmaachisu ni gaggeeffama
Jan 9, 2026 35
Amajjii 1/2018 (ENA)-Naannoo Oromiyaa GodinaShawaa Bahaatti hojiin misooma suluulaa Qindaa’aan namoota kuma 400 ol hirmaachisu akka gaggeeffamu Waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksise. Waggoottan darban hojiin eegumsa Biyyee fi Bishaanii Hirmaanaa Hawaasaan hojjetaman qabeenya uumamaa eeguudhaan bishaan lafarraa fi lafa jalaa akka dagaagan taassiseera. Baranas hojii kana godinichatti itti fufuun Sululawwan manca’an deebisanii misoomsuun gabbina biyyee fi dhiibbaa jijjiirama haala Qilleensaa dandamachuuf kan deeggaranidha. Itti Aanaan Waajjira Qonnaa Godina Shawaa bahaa Obbo Abinnat Zagayyee ENA’f akka ibsanitti hojiiwwan eegumsa biyyee fi biashaanii waggaa waggaan gaggeeffamaniin jijiiramni qabatamaan argamaniiru. Godinichatti hojicha itti fufsiisuuf hojiin misooma suluulaa qindaa’aan namoota kuma 421 fi 651 hirmaachisu gaggeessuuf qophiin taasifamuu beeksisaniiru. Kanaanis sululawwan 270 giddu galeeffachuun lafti hektaaraa kuma 119 fi 495 akka misoomu dubbataniiru. Sochii Kanaan hojiin eegumsa biyyee hojjechuun lafti miidhaman akka bayyanatan xiyyeeffannoon kennamuu ibsaniiru. Kunis mancaatii lafaan miidhaa gahuu hir’isuu fi omishtummaa lafaa guddisuuf akka dandeessisu eeraniiru. Akkasumas lafa rakkoo nam-tolchee fi uumamaan miidhaman namaa fi belladarraa ittisuun deebi’ee akka bayyanatu gochuuf hojjetama jedhaniiru. Karoora bara kanaa fiixaan baasuuf sadarkaa sadarkaan qindoominaan hojjechuu fi bu’aan deeggaruun akka barbaachisu eeruun misoomni sululaa Qindaa’aan guyyoota 30f akka gaggeeffamu dubbataniiru.
Godinichatti hojii kunuunsa qabeenya bishaanii fi biyyee hojjetameen naannoo lafa manca’etti misoomsuun oomishaa fi oomishtummaa dabaluuf hojjetamaa jira
Jan 8, 2026 56
Mudde 30/2018 (ENA): Naannoo Oromiyaa Godina Boorana Bahaa keessatti lafa manca’e misoomsuun hojii kunuunsa biyyee fi bishaaniin oomishtummaa guddisuuf hojiin hojjetamaa jiraachuu Waajjirri Qonna Godinichaa beeksise. Dursaan Garee Adeemsa Hojii Eegumsa Bosonaa Waajjirichaa obbo Aliyyee Arabaa akka jedhanitti, hojii kunuunsa biyyee fi bishaaniitiin naannoo godinichaa keessatti lafa manca’e misoomsuun oomishtummaa guddisuuf hojjetamaa jira. Hojii kunuunsa biyyee fi bishaaniitiin lafti heektaara kuma 52 fi 500 ol uwwisu, bishaan kuufamaa 105 kan misoomsaman ta’uu ibsaniiru. Hojii kana galmaan gahuuf gaggeessitoonni gandootaa fi hojjettoonni buufata misoomaa 379 leenjii ijaarsa dandeettii fudhachuu isaanii eeraniiru. Godinichatti baatiiwwan Bonaa keessatti miseensonni hawaasaa kuma 226 ol hojii misooma bishaan kuufamaa irratti akka hirmaatan akeekaniiru. Ji’oota Bonaa keessatti hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii, lafa margaa dabalatee, tuttuqaa beeladootaa fi namaa irraa bilisa gochuun, ganna dhufutti misooma ashaaraa magariisaatiin akka uwwisamuuf karoorfamuu dubbataniiru. Hojiin lafa margaa manca’ee fi miidhame heektaara kuma 38 fi 244 tuttuqaa irraa bilisa gochuu qaama misooma bishaan kuufamaa ta’uu ibsaniiru. Hojii kunuunsa biyyee fi bishaanii ji’oota Bonaa keessatti hojjetamaa jiruun cinattis hojiin biqiltuu yeroo gannaa dhaabanii biqiltoonni miiliyoona 36 qophaa’aa jiraachuu himaniiru. Hojiiwwan misooma kunuunsa biyyee fi bishaanii waggoota darban keessatti hojjetaman gogiinsa godinicha keessatti mudate damdamachiisuun, wabii nyaataa mirkaneessuuf tattaaffii taasifamaa jiru keessatti gumaacha olaanaa fideera. Hojii misoomaa kana eegalchiisuuf kan dandeessisan Meeshaaleen qonnaa aanaalee godinicha keessa jiran hundaaf kennamuu eeraniiru. Godinichi gammoojjummaa fi hanqina roobaa akkasumas hongeef waan saaxilamuuf horsiifni beeladootaas bal’inaan akka adeemsifamu himaniiru.
Naannoo Gaambeellaatti hojiin kunuunsa qabeenya uumamaa lafa heektaara kuma 64 ol ta’u irratti ni hojjetama
Jan 5, 2026 130
Muddee 27/2018 (ENA)-Biiroon Qonnaa Naannoo Gaambeellaa bara kana lafa heektaara kuma 64 ol ta’u irratti kunuunsi biyyee fi bishaanii akka hojjetamu beeksise. Daarektarri Misooma fi Kunuunsa Qabeenya Uumamaa Biirichaa obbo Keet Chool Daak ENAtti akka himanitti, yeroo ammaa kunuunsi qabeenya uumamaa aanaalee adda addaa keessatti hojjetamaa jira. Kunuunsi qabeenya uumamaa kun bishaan kuufamaa adda addaa 101 hojii kanaaf adda baafaman keessatti kan hojjetamu akka ta’es ibsaniiru. Hojii kunuunsa biyyee fi bishaanii kanarratti namoonni kuma 75 akka hirmaatan eeruun, yeroo ammaa kanatti tokkoon tokkoon bishaan kuufamaa irratti ogeeyyiin qonnaa argamuun gargaarsa ogummaa kennaa akka jiran ibsaniiru. Akka naannichatti bishaan kuufamaa 168 kan jiran yoo ta’u, isaan keessaa gara 50 kan ta’an misoomatti galuu himuun, kanneen hafan keessatti kunuunsii fi misoomni qabeenya uumamaa hojjetamaa akka jiru eeraniiru. Itti dabaluunis hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii bara kanaa osoo hin jalqabiin dura leenjiin, suulullii fi meeshaaleen adda baafamuu dubbataniiru. Waggoota darban keessatti hojii kunuunsa biyyee fi bishaanii hojjatamaa tureen oomishnii fi oomishtummaan akka dabale eeruun, kanaanis fayyadamummaan diinagdee qonnaan bultootaa akka dabale hubachiisaniiru. Akkasumas, dhiqannaa biyyee hir’achuu fi lafti gogaa ta’e misoomuu isaa beeksiseera. Hojiiwwan kunuunsa qabeenya uumamaa kan waloo waan ta’eef hawaasni hojii kunuunsa biyyee fi bishaanii yeroo ammaa hojjetamaa jiru irratti dammaqinaan akka hirmaatu waamicha dhiyeessaniiru.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 1563
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan. Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru. Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru. Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.
Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifama
Dec 7, 2024 9899
Sadaasa 27/2017(TOI) - Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu Humni Elektiriikii Itoophiyaa beeksise. Har'a galgala kana tasgabbii dhabuu sistamaatiin rakkoo mudateen guutuu biyyattiitti humni elektirikii addaan citeera. Rakkoo kana hiikuufi humnicha deebisuuf buufatalee maddoota humnaafi raabsaatti tattaaffiin olaanaa taasifamaa jira. Rakkoo umame Humni Elektiriikii Itoophiyaa hiikee hanga bakkasaatti deebisutti obsaan akka nu eegdan kabajaan gaafachaa, odeeffannoowwan jiran hatattaamaan kan isiniin biraan geenyu ta'a jechuun Tajaajilli Elektiriikii Itoophiy karaa miidiyaa hawaasummaa isaa beeksiseera.