ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Ayyaana Qilleef oomisha gahaa gatii madaalawaan hawaasaaf dhiheessuuf qophiin xumurameera
Jan 1, 2026 3
Mudde 23/2018(ENA)- Ayyaana Qilleef oomisha gahaa gatii madaalawaan hawaasaaf dhiheessuuf qophii xumuruubiiroon daldalaa Finfinnee ibse. Hooggantuun biirichaa Habiibaa Siraaj ibsa gaazexessootaaf kennaniin akka jedhanitti, ayyaana qillee bara 2018’f dhiheessiin oomishaa gahaan magaalaa Finfinneetti akka jiraatuu fi gabaan akka tasgabbaa’u qophiin taasifameera. Shamattoonni oomisha barbaadan tasgabbaa’anii akka argatan ni taasifama jedhaniiru. Gabaa idileen alatti karaa baazaarii, agarsiisaa fi gabaawwan Sanbataa oomishni fayyadamtootaaf gatii madaalawaan dhihaachaa jiraachuu hoggantuun kun eeraniiru. Oomishaaleen qonnaa, industirii, beelladaa fi galteewwan beelladaa baay’inaa fi qulqullinaan gabaaf akka dhiheessan naannolee fi dhiheessitoota waliin wlitti hidhamiinsi daldalaa uumamuu kaasaniiru. Ayyaanicha ilaalchisuun daballiin gatii hin malle akka hin jiraanne qaamolee nageenyaa fi to’annoo qindoominaan hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.
Inisheetiivonni misoomaa naannoo Oromiyaatti karoorfamanii hojjetamaa jiran oomishtummaa horsiisee bulaa guddisaniiru
Jan 1, 2026 8
Mudde 23/2018 (ENA) – Inisheetiivonni misoomaa naannoo Oromiyaatti karoorfamanii hojjetamaa jiran oomishtummaa horsiisee bulaa guddisaniirusaanii Biiroon Qonnaa Naannichaa beeksise. Maatiiwwan kuma 57 caalan naannicha godina Baaleetti sagantaa seeftiineetii misoomaa 5ffaa jalatti hammatamanii turan gargaaramuurraa oomishtummaatti cehanii har’a eebbifamaniiru. Inisheetiivonni misoomaa fi sagantaaleen waggoottan shanan darban naannichatti hojiirra oolan oomishtummaa horsiisee bulaa fi qonnaan bulaa guddisuun qabeenya akka hiratu bu’ura ta’uusaanii hogganaan biiroo qonnaa naannichaa obbo Geetuu Gammachuu saganticharratti ibsaniiru. Naannichatti horsiisee bultoonnii fi qonnaan bultoonni sagantaa seeftiineetii misoomaan hammatamanii gargaaramuurraa gara oomishtummaatti cehuusaanii akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Keessumaa namoota sagantaa seeftiineetii misoomaa baadiyyaan hammataman miiliyoon tokkoo tuqaa 7 keessaa miiliyoonni tokko tuqaa tokko wagga kana gargaaramuurraa gara oomishtummaatti akka cehan kaasaniiru. De’eetaan ministira qonnaa doktar Fiqruu Raggaasaa gamasaaniin, inisheetiivonni misoomaa jireenya horsiisee fi qonnaan bulaa biyyattii jijjiiruu danda’an hojiirra oolaniiru jedhaniiru. Qonnaan bultoonnii fi horsiisee bultoonni waggoottan darban sagantaa seeftiineetii misoomaan hammataman qabeenya horachuun gargaaramuurraa gara oomishtummaatti cehuusaanii himaniiru. Sagantaan seeftiineetii misoomaa godinichatti erga hojiirra oolee eegalee namoonni hedduun fayyadamuu itti aanaan bulchaa godina Baalee obbo Abrihaam Hayilee kaasaniiru. Maatiiwwan kuma 57 caalan godina Baaleetti sagantaa seeftiineetii misoomaa 5ffaa jalatti hammatamanii turan gargaaramuurraa oomishtummaatti cehanii har’a eebbifamuusaanii dubbataniiru. Fuulduras bu’aa argame kana gabbisuuf hojiileen qaamolee deeggartootaa waliin eegalaman cimsuun ni raawwatama jedhaniiru. Jiraattonni sagantaa Kanaan hammatamanii gargaaramuurraa gara oomishtummaatti jijjiiraman yaada kennaniin deeggarsa taasifameefiin cimanii hojjechuusaaniitiin qabeenya horatanii eebbifamuusaanii ibsaniiru. Fuulduras oomishaa fi oomishtummaa guddisuuf eegalan cimsanii akka itti fufan dubbataniiru.
Imalli Badhaadhina keenyaa hundarraa hundaatiin, hundaaf akka ta’u ni hojjenna - Obbo Adam Faaraah
Jan 1, 2026 12
Mudde 23/2018 (ENA) - Imalli kallattii badhaadhina diinagdee keenyaa hundarraa hundaatiin, hundaaf akka ta’u ni hojjenna jedhan Sadarkaa itti aanaa Ministira Muummeetti itti aanaatti Hogganaan Giddugala Qindeessa Ijaarsa Sirna Dimookiraasii fi Pirezidaantii itti aanaan Paartii Badhaadhinaa obbo Adam Faaraah. Akka obbo Adam Faaraah jedhanitti, Mootummaan Ida’amuu yaadama Ida’amuutiin qajeelfamu gaheewwan dinagdee afur irratti xiyyeeffata. Haaluma kanaan inni jalqabaa kallattii diinagdee damee hedduu hojiirra oolchuu ta’uu eeranii, ce’umsa caaseffamaa fiduuf diinagdee magariisaa haalota jijijjiiramoo dandamatu ijaaruun badhaadhina Itiyoophiyaa kan saffisiisu dha jedhan. Inni lammaffaa kallattii qooda fudhattoota hedduu ta’uu eeruun, qaamoleen diinagdee keessatti qooda qaban itti gaafatamummaa qeenxee fi waloo haalaan akka bahatan kan taasifamu ta’uu himaniiru. Adeemsa kana keessatti Mootummaan gahee adda duree kan bahatu ta’uu eeranii, dameewwan dameen dhuunfaa keessatti hin hirmaanne keessatti Mootummaan dammaqinaan invast kan taasisu ta’uu eeraniiru. Kan sadaffaan kallattii fayyadamummaa dameewwan hedduu ta’uu fi diinagdee hundi haqummaan fayyadamuu fi keessatti hirmaatu uumuudha jedhan. Haaluma Kanaan hundaaf carraa qixa ta’e uumuun hirmaannaa fi sosochii diinagdee saffisiisuun bu’aa isaarraa hundi haqummaan akka fayyadamuuf haala mijeessuu ta’uu eeranii, hojiin imalli badhaadhina keenyaa hundarraa hundaan, hundaaf akka ta’u gochuu ni hojjetama jechuun ibsaniiru. Kallattii arfaffaan tumsa Riijinii fi Idil-addunyaa cimsuu ta’uu ibsanii, badhaadhina gama maraa mirkaneessuun kan danda’amu warreen kaan waliin waltumsuun ta’uu himaniiru. Walitti hidhamiinsa dinagdeetiin, faayidaa waloorratti waloon hojjechuun, sirni haqa qabeessi akka jiraatu gochuunii fi oomishaaleen biyya keessaa gabaa addunyaa irratti carraa fooyya’aa akka argataniif tumsaan hojjechuuf xiyyeeffannoon kennamuu ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #ENA#TOI
Milkaa’ina hojii Komishinii Marii Biyyoolessaaf hirmaannan Lammiilee Murteessaadha -Af-yaa’ota
Jan 1, 2026 14
Mudde 23/2018(ENA)– Milkaa’ina hojii Komishiniin marii biyyoolessaa hojjechaa jiruuf hirmaannaan hundaa galeessa lammiilee barbaachisaa ta’uu Af-yaa’onni Naannoolee adda addaa dubbatan. Af-yaa’onni kun turtii ENA waliin taasisaniin Komishiniin marii biyyoolessaa hojiiwwan hanga ammaatti hojjete keessatti hirmaannaan hawaasaa akka cimuuf hojii hirmaachisummaa hojjechuusaa cimsee akka ittifufu ibsaniiru. Af-yaa’iin Mana Maree Naannoo Hararii Sulxaan Abdusalaam akka jedhanitti, mariin waldhabdee hunda ni fura. Kanaafis waldhabdeewwan biyya keenya keessa jiran marii’achuun nagaa fi tokkummaa cimsuuf hojiiwwan komishinichi hojjetu deeggaruun nama hundarra ni eeggama jedhaniiru. Hawaasni barbaachisummaa marii biyyoolessaarratti hubannaa gahaa argatee deeggarsaa fi hirmaannaasaa cimsuu qaba jedhaniiru. Af-Yaa’iin Naannoo Gambeellaa Adde Masarat Maatiwoos gamasaaniin, nageenyi guddinaa fi misoomaaf barbaachisa waan ta’eef marii’annee nageenya keenya fulla’aa gochuu qabna jedhaniiru. Marii biyyoolessaa duudhaa tokkummaa fi waloomaa Hawaasaa dagaagsuuf murteessaa ta’uu ibsaniiru. Nageenya amansiisaa waliigalteerratti hundaa’e fiduuf hirmaattonni wal dhaggeeffachuun marii’achuu akka qaban hubachiisaniiru. Hirmaannaan hawaasaa Milkaa’ina misooma biyyaarratti mul’ate milkaa’ina hojii marii biyyoolessaaf shoorrisaa olaanaa ta’uu Af-yaa’iin Nannoo Benishaangul Gumuz Addee Askaal Albooroo ibsaniiru. Marichi bu’aa qabeessa akka ta’uuf Hawaasni itti gaafatamummaa irraa eegamu akka bahuuf shoorasaani akka bahan mirkaneessaniiru. A-ayaa’onni Naannoolee fi Bulchiinsota Magaalaa fooramii waloo Nannoo Uummattoota Kibba Itiyoophiyaatti gaggeessuunsaanii ni yaadatama.
Siyaasa

Walii gateewwan hoggantoota gidduutti taassifaman hojiirra oolchuuf hojjetamaa jira
Dec 31, 2025 203
Mudde 22/2018(ENA)-Walii galteewwan Hogantoota Itiyoophiyaa fi Hindi gidduutti taassifaman hojiirra oolchuu fi michummaa tarsiimo’aa biyyoota lamaanii cimsuuf hojjetamaa jiraachuu Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Hindi Aniil Kumaar Raay ibsan. Hariiroon biyyoota lamaanii gara michummaa tarsiimo’aatti guddachuun daldalaa fi dinagdeerra darbee bal’ina tumsa isaanii ni babal’isa jedhaniiru. Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Hindi Aniil kumar Raay ENA waliin turtii taasisaniin akka ibsanitti, Itiyoophiyaa fi Hindi biyyoota hariiroo yeroo dheeraa waliin qabanidha. Itiyoophiyaan hinditti Gidduugala Aadaa biyyoota Afriikaa keessaa biyya qabdu ta’uu eeruun, Aadaa Itiyoophiyaa Hinditti caalaatti beeksisuuf akka hojjetamu dubbataniiru. Daandiin qilleensa Itiyoophiyaa torbanitti balallii 40 ol Hinditti akka taasisu kan beeksisan Ambaasaaddarichi, Ambaasaaddara Aadaa Itiyoophiyaa jechuun dhaabbaticha jajataniiru. Daawwannaa Ministira Muummee Nariindiraa Moodii hordofee hariiroon Itiyoophiyaa fi Hindii gara michummaa tarsiimo’aatti guddachuu dubbataniiru. Hariiroon biyyoota lamaanii gara michummaa tarsiimo’aatti guddachuu daldalaa fi Dinagdeerra darbee baay’ina tumsaa isaanii kan babal’isuu ta’uu eeraniiru. Daawwanicha hordofee Biyyoonni lamaan Gumurukiin, Hojii nageenya kabachiisuun, gidduugala daataa Ministeera dhimma alaa Itiyoophiyaa ijaaruu dabalatee walii galteewwaan adda addaa mallatta’uu yaadataniiru. Hariiroon biyyootaa gara michummaa Tarsiimo’aatti guddachuun tumsa kibba kibbaa kan cimsuu fi biyyoonni tumsa idil- Addunyaa qaban kan dagaagsu ta’uu hubachiisaniiru. Lakkoofsa Itiyoophiyaanota carraa barnootaa Hinditti argatanii dachaan guddisuuf waliigalteerra ga’amuu kaasaniiru. Biyyoonni waloon hojjechuuf hojiiwwan walii galan raawwachuu fi michummaa tarsiimo’aasaanii cimsuuf rood maappiin qophaa’aa jiraachuu ibsaniiru.
Adeemsi marii biyyaalessaa ijaarsa mootummaa cimaa fi waliigaltee biyyaalessaaf bu’ura kan kaa’u boqonnaa murteessaarra gaheera
Dec 30, 2025 201
Mudde 21/2018(ENA)- Adeemsi marii biyyaalessaa ijaarsa mootummaa cimaa fi waliigaltee biyyaalessaaf bu’ura kan kaa’u boqonnaa murteessaarra gahuusaa mana maree bakka bu’oota ummataatti ministirri itti waamamaa mootummaa doktar Tasfaayee Beeljigee ibsan. Mana maree bakka bu’oota ummataatti ministirri itti waamamaa mootummaa doktar Tasfaayee Beeljigee turtii ENA waliin taasisaniin, yeroo ammaa hojiileen ijaarsa mootummaa cimaa si’achiisan hojjetamaa jiru jedhaniiru. Kanaaf ammoo marii biyyaalessaa hundi itti hirmaatu gaggeessuuf, filannoo nagaa fi demokiraatawaa taasisuuf, biyya olaantummaan seeraa keessatti dagaage ijaaruuf akkasumas rakkoolee jiran karaa nagaa furuuf dursi kennamee hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Seenaa bara dheeraa Itiyoophiyaa keessatti walii galteen biyyaalessaa dhabamuun, rakkoo jiran karaa qaroomeen furuu dhabuu fi ilaalchi siyaasaa boodatti hafaa cabiinsa mootummaa biyyaalessaa mul’atan ta’uu kaasaniiru. Adeemsa marii biyyaalessaa milkeessuun, filannoo karaa milkaa’een gaggeessuu, rakkoolee karaa nagaa furuun, olaantummaa seeraa mirkaneessuun biyya Itiyoophiyaanota hundaaf geessu ijaaruuf ni gargaara jedhaniiru. Adeemsi marii biyyaalessaa bu’a qabeessa ta’uunsaa rakkooleen Itiyoophiyaa turan akka furaman kan ibsan ministirri itti waamamaa mootummaa, cabiinsa Itiyoophiyaa gama suphuutiin shoora olaanaa akka bahatu dubbataniiru. Mariin kun dhimmoota walii galtee biyyaalessaaf murteessaa ta’an irratti walii galuuf waan gargaaruuf hundi dammaqinaan hirmaachuu akka qabu eeranii, dhimmoota walitti bu’iinsaaf ka’umsa ta’an karaa qaroomeen furuuf filmaata sirrii ta’uusaa ibsaniiru. Mariin biyyaalessaa ijaarsa mootummaa biyyaalessaaf, nageenya fulla’aa fi walii galtee biyyaalessaaf bu’ura kan itti kaa’u boqonnaa murteessaarra gaheera jedhaniiru. Marii biyyaalessaa milkaa’aa raawwachuudhaan heera mootummaa lammiileen hundi itti walii galan dhugoomsuu fi dhimmoota murteessaa ta’anirratti waliigaltee uumuuf waan gargaaruuf hirmaannaa cimaa nama hundaa akka gaafatu dubbataniiru. Aadaa siyaasaa Itiyoophiyaa isa boodatti hafaa jijjiiruuf, aadaa nageenyaa gaarii ijaaruuf akkasumas Itiyoophiyaanonni qabeenya uumamaasaaniin hojjetanii akka jijjiiramanii fi biyya badhaate akka ijaaran bu’ura ni kaa’a jedhaniiru. Dabalataanis naannoo Tigraayitti ajandaa walitti qabuu fi hirmaattota adda baasuuf qophiin taasifamuusaa eeranii, kanaafis qooda fudhattoota naannichaa garagaraa waliin mariin taasifamuu gabaasota mana mareef dhihaaterraa hubachuun akka danda’ame dubbataniiru.
Ijaarsa sirna Dimokiraasii cimsuuf hojiiwwan eegalaman bu’aa qabeesa akka ta’aniif dhaabbileen Hawaasa Siivilii qoodasaanii guddisuu qabu
Dec 30, 2025 176
Mudde 21/2018(ENA)- Ijaarsa Sirna dimokiraasi cimsuuf hojiiwwan eegalaman bu’aa qabeessa akka ta’aniif dhaabbilileen Hawaasa Sivilii Qoodasaanii bahuu akka qaban sadarkaa Itti Aanaa Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti Itti gaafatamaan gidduugala Qindeessaan Ijaarsa Sirna Dimokiraasii Mogas Baalchaa ibsan. Mata duree “ Aadaa Ijaarsa Sirna Dimokiraasii irratti qooda dhaabbilee hawaasa sivilii “ jedhuun Dhaabbilee Hawaasa Sivilii Magaalaa Finfinnee jiraniif leenjiin kennamaa jira. Sagantaa leenjichaarratti Abbootiin Amantaa, Jaarsoliin biyyaa fi bakka bu’oonni dhaabbilee hawaasa sivilii kutaa Magaalaa adda addaa keessa walitti dhufan hirmaachaa jiru. Sadarkaa Itti Aanaa Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti Itti gaafatamaan gidduugala Qindeessaa Ijaarsa Sirna Dimokiraasii Mogas Baalchaa wayita sana akka jedhanitti, Mootummaan nageenya, Misoomaa fi Dimokiraasii mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jira. Kanaafis dhaabbileen cimoon barbaachisoo ta’uu eeruun, cimina dhaabbileef qoodni dhaabbilee hawaasa sivilii olaanaa ta’uu ibsaniiru. Adeemsi Ijaarsa biyya kan milkaa’u humnaa fi walitti bu’insaan osoo hin ta’iin, garaagarummaa mariin karaa nagaan hiikuunii fi olaantummaa yaadaaf bitamuuni jedhaniiru. Shaakalli dimokiraasii kana fakkaatan akka dagaaganiif hirmaannaan Hawaasa Sivilii murteessaa ta’uu eeruun, kanaafis qoodasaanii cimsuu akka qaban hubachiisaniiru. Mootummaan fayyadamummaa hawaaaa mirkaneessuuf sadarkaa biyyoolessaatti Dhaabbilee Hawaasa Sivilii fi waltajjiin qindooma qooda fudhattootaa hundaa’uu dubbataniiru. Waltajjiin kun sadarkaa Magaalaa Finfinneetti hundaa’uu ibsuun, waltajjii kanarratti dhaabbileen hawaasa sivilii gurmaa’anii Magaalaa Finfinneetti socho’aa jiran hirmaachuu akka qaban ibsaniiru. Gidduugala Damee Ijaarsa sirna Dimokiraasii Magaalaa Finfinneetti Itti gaafatamaa Aadaa Ijaarsa sirna dimokiraasii Doktar Mi’eessoo Elemaa gamasaaniin, leenjichi dhaabbilee hawaasa sivilii Magaalicha jiran caalaatti qoodasaanii akka bahan guddisuuf ta’uu eeraniiru.
Ijaarsa sirna dimokiraasii cimsuuf hojiiwwan eegalaman bu’aa qabeesa akka ta’aniif dhaabbileen Hawaasa Siivilii qoodasaanii guddisuu qabu
Dec 30, 2025 137
Mudde 21/2018(ENA)- Ijaarsa Sirna dimokiraasii cimsuuf hojiiwwan eegalaman bu’aa qabeessa akka ta’aniif dhaabbilileen Hawaasa Sivilii qoodasaanii bahuu akka qaban sadarkaa itti aanaa Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti itti Gaafatamaan Gidduugala Qindeessaan Ijaarsa Sirna Dimokiraasii Mogas Baalchaa ibsan. Mata duree "Aadaa Dimokiraasii Ijaaruu Keessatti Gahee Dhaabbilee Hawaasa Siivilii" “ jedhuun Dhaabbilee Hawaasa Sivilii Magaalaa Finfinnee jiraniif leenjiin kennamaa jira. Sirna leenjichaarratti abbootiin amantaa, jaarsoliin biyyaa fi bakka bu’oonni dhaabbileen hawaasa sivilii kutaa magaalaa adda addaa keessa walitti dhufan hirmaachaa jiru. Sadarkaa Itti Aanaa Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Finfinneetti itti gaafatamaan Gidduugala Qindeessaan Ijaarsa Sirna Dimokiraasii Mogas Baalchaa wayita sana akka jedhanitti, Mootummaan nageenya, Misoomaa fi Dimokiraasii mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jira. Kanaafis dhaabbileen cimoon barbaachisoo ta’uu eeruun, cimina dhaabbileef qoodni dhaabbilee hawaasa sivilii olaanaa ta’uu ibsaniiru. Adeemsi ijaarsa biyya kan milkaa’u humnaa fi walitti bu’insaan osoo hin ta’iin, garaagarummaa jiru mariin, karaa nagaan hiikuunii fi olaantummaa yaadaaf bitamuuni jedhaniiru. Shaakalli dimokiraasii kana fakkaatan akka dagaaganiif hirmaannaan Hawaasa Sivilii murteessaa ta’uu eeruun, kanaafis gahee isaanii cimsuu akka qaban hubachiisaniiru. Mootummaan fayyadamummaa hawaaaa mirkaneessuuf sadarkaa biyyoolessaatti Dhaabbilee Hawaasa Sivilii fi waltajjiin qindoomina qooda fudhattootaa hundaa’uu dubbataniiru. Waltajjiin kun sadarkaa Magaalaa Finfinneetti hundaa’uu ibsuun, waltajjii kanarratti dhaabbileen hawaasa sivilii gurmaa’anii Magaalaa Finfinneetti socho’aa jiran hirmaachuu akka qaban ibsaniiru. Giddugala Qindeessaa Ijaarsa Sirna Demokraasii magaalaa Finfinnee itti Gaafatamaa Damee Ijaarsa Aadaa Dimokiraatawaa doktar Mi’eessoo Eleemaa gama isaaniin akka jedhanittii, leenjiin kun gahee jaarmiyaalee waldaalee siivikii magaalittii keessatti qaban daran guddisuuf kan akeeke ta’uu hubachiisaniiru. Kaayyoon leenjichaa inni biraan mootummaa fi dhaabbilee gidduutti tumsa cimaa uumuun fayyadamummaa ummataa mirkaneessuu akka ta’es ibsaniiru.
Gareen ‘Tihinag’ hojii deebisanii dhaabuu gufachiisuun buqqaatota siyaasaaf itti fayyadamaa jira- Paartii Dimookiraatawaa Simirriit.
Dec 28, 2025 392
Mudde 19/2018(ENA) - Gareen Tihinag hojii deebisanii dhaabuu gufachiisuun buqqaatota siyaasaaf itti fayyadamaa jira jedhe Paartiin Dimookiraatawaa Simirriit. Garee isaa seeraan alaa qindeessuun deeggarsi namoomaa akka buqqaatota hin qaqqabne taasisaa jira jedhe. Miseensa Mana Maree fi Damee Miidiyaa fi Komunikeeshinii Paartii Dimokiraatawaa Simirriit kan ta’an obbo Xa’aamee Araddoom ENA waliin turtii taasisaniin akka himanitti gareen seeraan alaa naannoo Tigraay keessa socho’aa jiru buqqaatonni gara qe’ee isaaniitti akka deebi’an gufuu ta’eera. Gareen seeraan alaa kunneen buqqaatota doorsisuun rakkoo fi beela keessa isaan galcheera jedhani. Dabalataaniis gareen seeraan alaa kuni deeggarsa lammiilee buqqaatotaaf ergamu saamuun ofiif oolchachuun, namoota mirga isaanii gaafatan immoo sodaachisuun miidhaaf isaan saaaxilaa jira jedhaniiru. Yeroo ammaa kanatti naannoo Tigraay keessumaa dahannoo buqqaatotaa keessatti rakkoo hammaataa gahaa jiruuf garee seeraan alaa kanatu sababa ta’eera jedhani. Gareen seeraan alaa kun rakkoo, du'aa fi hammeenya buqqaatotaa itti fufsiisaa jira waan ta’eef; keessumattuu qaamonni adda addaa gargaarsi namoomaa fi dhiheessiin naannicha seenu kallattiin fayyadamtoota bira akka gahu taasisuu akka qaban hubachiisaniiru obbo Xa’aameen. Gareen seeraan alaa kuni siyaasa hamaa isaa adeemsifachuuf hammeenya gara jabeenyaan raawwatu, rakkoon hawaasa Tigraay akka itti fufu taasisaa jira jedhaniiru.
Mariin Biyyoolessaa Itiyoophiyaa keessatti waliigaltee biyyoolessaa uumuuf carraa gaarii dha.
Dec 28, 2025 323
Mudde 19/2018(ENA) -Itiyoophiyaatti waliigaltee biyyoolessaa galmaan ga’uuf lammiileen hundi Marii Biyyoolessaa dhiyaate carraa gaarii kana fayyadamuu akka qaban Manni Maree Dhaabbilee Hawaasa Siivilii ibseera. Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa ajandaa qindeessuun, hojiiwwan galteewwan ajandichaaf ta’an walitti qabuun Yaa’ii Marii Biyyaalessaa walii galaaf kan ta’u qophaa’aa jiraachuu ibsuun isaa kan yaadatamudha. Pireezidaantiin Mana Maree Dhaabbilee Waldaalee Siivilii Itiyoophiyaa Ahimad Huseen akka jedhanitti, lammiileen Itiyoophiyaa waliin marii taasisuun ajandaa waloo irratti waliigaltee irra gahuu dadhabuun biyyattiin gatii kaffalaa turte. Kanaaf dur biyyattiin ittiin rakkachaa kan turte yeroo ammaa ajandaa biyyaalessaa walitti qabuun,walii galtee biyyaalessaaf shoora olaanaa qaba waan ta’eef carraa gaarii ta’uu ibsaniiru. Mariin biyyoolessaa olaantummaa yaada irratti hundaa’e gaggeessuun waliigaltee biyyaalessaa cimsu Itiyoophiyaa keessatti sirna dimokiraasii guddatee fi haala siyaasaa hunda hirmaachise uumuun barbaachisaa ta’uus ibsaniiru. Adeemsi Marii Biyyaalessaa hirmaachisaa, hunda kan hammate, amanamaa ta’uu isaa mirkaneessuuf, adeemsa marii duraa gaggeeffameef deeggarsa gaarii taasisaa akka jiranis eeraniiru. Hundeessituu fi daayreektarri dhaabbata ‘Tarkaanfii Sasteenabil Divilopmantii’ Warqinash Beegii akka jedhanitti adeemsa ajandaa walitti qabuu fi adda baasuu keessatti hirmaannaa dubartootaa guddisuuf deeggarsa taasisaa jiraachuu ibsaniiru. Adeemsa Marii Biyyoolessaa keessatti dubartoonni dammaqinaan hirmaachuu, ajandaa walitti qabuu fi adeemsa marii irratti hirmaachuu, ajandaa waliigaltee biyyaalessaa barbaadu komishinichaaf dhiyeessuu ibsaniiru. Barreessaan ‘Alliyaansii Biiweeldiingii Yuuz Piis Waayibuuntuu’ Siisay Taarraqanyi akka jedhanitti, Marii Biyyaalessaa ajandaa adda baasuufi hirmaattota adda baasuu hojiileen hirmaannaa dargaggootaa cimsuu danda’u hojjetamaa jira. Gara fuula duraatti, milkaa’ina yaa’ii Marii Biyyoolessaa Itiyoophiyaa guddichaatiif deeggarsa barbaachisu hunda akka itti fufanis mirkaneessaniiru.

Hawaasummaa
Milkaa’ina hojii Komishinii Marii Biyyoolessaaf hirmaannan Lammiilee Murteessaadha -Af-yaa’ota
Jan 1, 2026 14
Mudde 23/2018(ENA)– Milkaa’ina hojii Komishiniin marii biyyoolessaa hojjechaa jiruuf hirmaannaan hundaa galeessa lammiilee barbaachisaa ta’uu Af-yaa’onni Naannoolee adda addaa dubbatan. Af-yaa’onni kun turtii ENA waliin taasisaniin Komishiniin marii biyyoolessaa hojiiwwan hanga ammaatti hojjete keessatti hirmaannaan hawaasaa akka cimuuf hojii hirmaachisummaa hojjechuusaa cimsee akka ittifufu ibsaniiru. Af-yaa’iin Mana Maree Naannoo Hararii Sulxaan Abdusalaam akka jedhanitti, mariin waldhabdee hunda ni fura. Kanaafis waldhabdeewwan biyya keenya keessa jiran marii’achuun nagaa fi tokkummaa cimsuuf hojiiwwan komishinichi hojjetu deeggaruun nama hundarra ni eeggama jedhaniiru. Hawaasni barbaachisummaa marii biyyoolessaarratti hubannaa gahaa argatee deeggarsaa fi hirmaannaasaa cimsuu qaba jedhaniiru. Af-Yaa’iin Naannoo Gambeellaa Adde Masarat Maatiwoos gamasaaniin, nageenyi guddinaa fi misoomaaf barbaachisa waan ta’eef marii’annee nageenya keenya fulla’aa gochuu qabna jedhaniiru. Marii biyyoolessaa duudhaa tokkummaa fi waloomaa Hawaasaa dagaagsuuf murteessaa ta’uu ibsaniiru. Nageenya amansiisaa waliigalteerratti hundaa’e fiduuf hirmaattonni wal dhaggeeffachuun marii’achuu akka qaban hubachiisaniiru. Hirmaannaan hawaasaa Milkaa’ina misooma biyyaarratti mul’ate milkaa’ina hojii marii biyyoolessaaf shoorrisaa olaanaa ta’uu Af-yaa’iin Nannoo Benishaangul Gumuz Addee Askaal Albooroo ibsaniiru. Marichi bu’aa qabeessa akka ta’uuf Hawaasni itti gaafatamummaa irraa eegamu akka bahuuf shoorasaani akka bahan mirkaneessaniiru. A-ayaa’onni Naannoolee fi Bulchiinsota Magaalaa fooramii waloo Nannoo Uummattoota Kibba Itiyoophiyaatti gaggeessuunsaanii ni yaadatama.
Hojiileen tajaajila haqaa guddisan Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 keessatti cimanii itti fufu
Jan 1, 2026 14
Mudde 23/2018 (ENA) -Dijitaala Itiyoophiyaa 2030’n hojiileen tajaajila haqaa saffisiisuuf eegalaman caalmaatti cimanii itti fufu jedhan Ministirri Haqaa Haannaa Ara’yasillaasee. Haannaa Ara’yasillaaseen Walga’ii Idilee 7ffaa bara hojii 5ffaaa Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa har’a gaggeeffamerratti argamuun gaaffii fi yaada kenniinsa haqaa ilaalchisee miseensota mana marichaarraa ka’aniif ibsa kennaniiru. Tajaajila haqaa, qabiinsa mirga namoomaa sirreeffamtoota seeraa fi shakkamtoota ilaalchiisee miseensonni mana marichaa gaaffii fi yaada dhiyeessaniiru. Tajaajila haqaa si’ataa fi saffisaa kennuuf naannoleetti dameen banamuu kan eeraan Haannaa Ara’yasillaaseen, tajaajila haqaa fooyya’aa ta’e kennuuf hojiileen eegalaman Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030’n caalmaatti cimanii itti fufu jedhan. Adeemsa Qorannoo yakkaa fi himannaa saffisaa fi qulqullinaan raawwachuuf Poolisii, Abbaan Alangaa fi Manneen Murtii qindoomina isaanii caalmaatti cimsuu akka qaban hubachiisaniiru. Dhaabbilee fi namoota mana isinii ijaarra jechuun qabeenya lammiilee fudhatanii miliqan akkasumas kanneen haasaa kabaja namaa sarban taasisan irratti tarkaanfiin seeraa fudhatamu cimee itti fufa jechuun yaadachiisan. Namoota mana isinii ijaarra jechuun birrii biiliyoona 1 fi miliyoona 500 lammiilee irraa walitti qabuun miiliqan irratti himatni banamuu ibsaniiru. Labsii deemsa falmii bulchiinsaa dabalatee seerotni haaromsaa hedduun akka qaama haaromsa kanaatti tumamuu isaanii eeruun, sirna kenniinsa haqaa irratti jijjiiramni taasifameera jedhan.
Dhimmi gareewwan saaxilamoo ta’anii dhimma dhaabbataa ta’ee bal’inaan hojjetamuu qaba.
Jan 1, 2026 16
Mudde 23/2018(ENA)- Dhimma gareewwan saaxilamoo ta’anii dhimma dhaabbataa taasisuun hirmaannaa fi fayyadamummaa isaanii guddisuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabu Ministeerri Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa ibseera. Hojii madaallii walitti dabaluun kan madaalaman Ministeerri Qonnaa fi Ministeerri Fayyaa sirni beekamtii kennuu dhaabbilee itti waamamtootaa 22 gaggeeffameera. Ministirri Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa doktar Ergoogee Tasfaayee wayita sana akka jedhanitti; rakkoolee dinagdee, siyaasaa fi hawaasummaa dubartoota, daa’imman, dargaggoota, qaama miidhamtoota, maanguddootaa fi kutaalee hawaasaa saaxilamoo biroo mudatan furuuf hojiilee hojjetamaa jiruun bu’aa jajjabeessaan galmaa’aa jira. Haa ta’u malee, bu’aan madaallii raawwii hojii, ilaalchii fi qorannoowwan yeroo adda addaatti raawwii hojii madaallii walitti dabaluun irratti gaggeeffaman sadarkaa barbaadamu irra akka hin geenye agarsiisaniiru. Kanaaf dhimmoota kutaalee hawaasaa kanneenii dhimma dhaabbataa taasisuun hirmaannaa fi fayyadamummaa isaanii guddisuuf ciminaan hojjechuu qabna jedhaniiru.
Mariin biyyoolessaa rakkoolee turan mariin furuun nageenyaa fulla’aa fi walooma caalaatti cimsuuf murteessaadha
Jan 1, 2026 32
Mudde 23/2018(ENA)–Mariin biyyoolessaa rakkoolee turan mariitiin furuun nageenya fulla’aa fi waloomni caalaatti cimsuuf murteessaa ta’uu jaarsoliin biyyaa Naannoo Benishaangul Gumuz dubbatan. Biyyootni hedduun duudhaalee gaarii dagaagsuun rakkoolee isaan mudatu mariin sirreessuun mootummaa cimaa ijaarrachuu danda’aniiru. Muuxannoo kanarraa ka’uun Itiyoophiyaatti muuxannoowwan gaggaarii babal’isuu fi Dudhaalee dagaagsuun rakkoowwan ka’umsa waldhabdee ta’an bu’uurarraa hiikuu qabna. Bu’uuruma Kanaan Komishiniin marii biyyoolessaa hundaa’uun rakkoowwan bubbulanii fi waldhabdeewwan mariin akka furamu hojjechaa jiraachuun ni beekama. Dhimma kanarratti jaarsoliin biyyaa Naannoo Benishaangul Gumuz Yaadasaanii ENA’f kennaan Abdul Mahimmud Ibiraahim, mariin biyyoolessaa rakkoowwan bubbulan mariin furuun nageenya fulla’aa fi walooma caalaatti cimsuuf furmaata murteessaa ta’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaatti nageenyaa fulla’aa fi tokkummaa cimaa fiduuf rakkoolee mariitiin furuun dirqama ta’uu kaasuun waltajjicharratti hunduu hirmachuun carricha fayydamuu qaba jedhaniiru. Komishinichi waltajjiiwwan yeroo adda addaa qopheessurratti hirmaachuu ibsuun , mariachi wal dhabdeewwan furuun nageenya fulla’aa fi tasgabbii fiduuf murteessaa ta’uu dubbataniiru. Jaarsi biyyaa Galataa Gaagaa, waltajjiin marii biyyoolessaa hundaanuu injifataa kan taassisu furmaata nagaa waaraa Itiyoophiyaa ta’uu ibsaniiru. Wal dhabdeewwan ka’aniif furmaata kennuun dhimma biyyaarratti ejjennoo waloo qabaachuun naaa fi waloomaaf waloon hojjechuu qabna jechuun dubbataniiru.
Diinagdee
Ayyaana Qilleef oomisha gahaa gatii madaalawaan hawaasaaf dhiheessuuf qophiin xumurameera
Jan 1, 2026 3
Mudde 23/2018(ENA)- Ayyaana Qilleef oomisha gahaa gatii madaalawaan hawaasaaf dhiheessuuf qophii xumuruubiiroon daldalaa Finfinnee ibse. Hooggantuun biirichaa Habiibaa Siraaj ibsa gaazexessootaaf kennaniin akka jedhanitti, ayyaana qillee bara 2018’f dhiheessiin oomishaa gahaan magaalaa Finfinneetti akka jiraatuu fi gabaan akka tasgabbaa’u qophiin taasifameera. Shamattoonni oomisha barbaadan tasgabbaa’anii akka argatan ni taasifama jedhaniiru. Gabaa idileen alatti karaa baazaarii, agarsiisaa fi gabaawwan Sanbataa oomishni fayyadamtootaaf gatii madaalawaan dhihaachaa jiraachuu hoggantuun kun eeraniiru. Oomishaaleen qonnaa, industirii, beelladaa fi galteewwan beelladaa baay’inaa fi qulqullinaan gabaaf akka dhiheessan naannolee fi dhiheessitoota waliin wlitti hidhamiinsi daldalaa uumamuu kaasaniiru. Ayyaanicha ilaalchisuun daballiin gatii hin malle akka hin jiraanne qaamolee nageenyaa fi to’annoo qindoominaan hojjetamaa jiraachuu eeraniiru.
Inisheetiivonni misoomaa naannoo Oromiyaatti karoorfamanii hojjetamaa jiran oomishtummaa horsiisee bulaa guddisaniiru
Jan 1, 2026 8
Mudde 23/2018 (ENA) – Inisheetiivonni misoomaa naannoo Oromiyaatti karoorfamanii hojjetamaa jiran oomishtummaa horsiisee bulaa guddisaniirusaanii Biiroon Qonnaa Naannichaa beeksise. Maatiiwwan kuma 57 caalan naannicha godina Baaleetti sagantaa seeftiineetii misoomaa 5ffaa jalatti hammatamanii turan gargaaramuurraa oomishtummaatti cehanii har’a eebbifamaniiru. Inisheetiivonni misoomaa fi sagantaaleen waggoottan shanan darban naannichatti hojiirra oolan oomishtummaa horsiisee bulaa fi qonnaan bulaa guddisuun qabeenya akka hiratu bu’ura ta’uusaanii hogganaan biiroo qonnaa naannichaa obbo Geetuu Gammachuu saganticharratti ibsaniiru. Naannichatti horsiisee bultoonnii fi qonnaan bultoonni sagantaa seeftiineetii misoomaan hammatamanii gargaaramuurraa gara oomishtummaatti cehuusaanii akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Keessumaa namoota sagantaa seeftiineetii misoomaa baadiyyaan hammataman miiliyoon tokkoo tuqaa 7 keessaa miiliyoonni tokko tuqaa tokko wagga kana gargaaramuurraa gara oomishtummaatti akka cehan kaasaniiru. De’eetaan ministira qonnaa doktar Fiqruu Raggaasaa gamasaaniin, inisheetiivonni misoomaa jireenya horsiisee fi qonnaan bulaa biyyattii jijjiiruu danda’an hojiirra oolaniiru jedhaniiru. Qonnaan bultoonnii fi horsiisee bultoonni waggoottan darban sagantaa seeftiineetii misoomaan hammataman qabeenya horachuun gargaaramuurraa gara oomishtummaatti cehuusaanii himaniiru. Sagantaan seeftiineetii misoomaa godinichatti erga hojiirra oolee eegalee namoonni hedduun fayyadamuu itti aanaan bulchaa godina Baalee obbo Abrihaam Hayilee kaasaniiru. Maatiiwwan kuma 57 caalan godina Baaleetti sagantaa seeftiineetii misoomaa 5ffaa jalatti hammatamanii turan gargaaramuurraa oomishtummaatti cehanii har’a eebbifamuusaanii dubbataniiru. Fuulduras bu’aa argame kana gabbisuuf hojiileen qaamolee deeggartootaa waliin eegalaman cimsuun ni raawwatama jedhaniiru. Jiraattonni sagantaa Kanaan hammatamanii gargaaramuurraa gara oomishtummaatti jijjiiraman yaada kennaniin deeggarsa taasifameefiin cimanii hojjechuusaaniitiin qabeenya horatanii eebbifamuusaanii ibsaniiru. Fuulduras oomishaa fi oomishtummaa guddisuuf eegalan cimsanii akka itti fufan dubbataniiru.
Pirojektoota Biyyoolessa gurguddoo Itiyoophiyaatti eegalamaniif deeggarsii qorannoo fi qo’annoo dhaabbilee Barnoota olaanoo murteessaadha
Jan 1, 2026 16
Mudde 23/2018(ENA)– Milkaa’ina pirojektota gurguddoo biyyoolessaa Itiyoophiyaatti eegalamaniif deeggarsi qorannoo fi qo’annoo dhaabbilee Barnootaa olaanoo Murteessaa ta’uu Hayyoonni Yunvarsiitii wallaggaa ibsan. Pirojektiiwwan biyyoolessaa Gurguddoon Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad Gubaarratti ifoomsan carraa egeree Itiyoophiyaa murteessan ta’uusaanii ibsuunsaanii ni yaadatama. Milkaa’ina Pirojektoota gurguddoo kunneeniif hirmaannaa fi deeggarsi lammiilee hundaa murteessa ta’uu fi keessumaa deeggarsi qorannoo fi qo’annoo dhaabbilee Barnootaa olaanoo murteessaa ta’uu hayyoonni Yunvarsiitii Wallagaa ibsaniiru. Yunvarsiitichatti Daarektarri gidduugala Jijjiirama Haala Qilleensaa Doktar Xannaa Raggaasaa , Pirojaktoonni gurguddoon Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahimadiin ifooman milkaa’ina Guddinaa fi olka’insa Itiyoophiyaatiif hiika addaa kan kennan ta’uu ibsaniiru. Milkaa’ina ijaarsa pirojektichaaf tattaaffii mootummaan gamatti gargaarsi, tumsii fi hirmaannaan hunda keenyaa murteessaadha jedhaniiru. Yunvarsiiiticha Kaampaasii Gimbiitti Daarektarri dhimma akkaadaamii Natsaannat Geetaachoo milkaa’ina hidha kanarraa ka’uun mootummaan pirojektoota gurguddoo milkeessuuf karoorsuunsaa kan raajeffatamu ta’uu ibsaniiru. Ijaars Pirojektootaa gurguddoo kanaa yoo milkaa’u guddinaa fi badhaadhina biyyaarra darbee faayidaa fi walitti hidhaminsa misooma riijinichaaf murteessaa ta’uu kaasuun, hojiirra oolmaasaatiif waloon dhimmuun barbaachisaadha jedhaniiru. Yunvarsiitii wallagaatti Barsiisaan Kutaa Hoggansa Barnootaa Asaffaa Qannoo, Pirojektoota biyyoolessaa gurguddoo milkeessuuf beekumsa, Maallaqaa fi humna keenyaan ida’amnee hojjechuu qabna jedhaniiru. Keesumaa dhaabbileen Barnoota olaanoon lammii baratee fi qaroome horachuun deegartoota misoomaa biyyattii fi hirmaattota akka ta’aniif gahoomsuu qabu jedhaniiru. Yunvarsiistiin wallaggaa erga hundeeffamee eegalee barnotaan, qorannoonii fi tajaajila hawaasaan qoodasaa gumaachuurratti argama. Yunvarsiitichi keessumaa Qorannoowwan qonna, Fayyaa, kunuunsa Qabeenya Uumamaa fi cehumsa teekinooloojiirratti xiyyeeffatan hedduu hojjechuun olitti rakkoolee hawaasaa furuuf hojjetu cimsee itti fufeera.
Naannoo Oromiyaatti ayyaana qillee ilaalchisee dhiyeessiin gabaa jiraachuun ibsame
Jan 1, 2026 41
Muddee 23/2018 (ENA) Naannoo Oromiyaatti ayyaana qillee ilaalchisee dhiyeessiin oomisha gabaa ayyaanaa haalaan jiraachuu Biiroon Daldala Oromiyaa ibse. Biroon Daldalaa Oromiyaa haala dhiyeessii gabaa ayyaana Qillee ilaalchisee har’a midiyaaleef ibsa kenneera. Itti Anaan Biiroo Daldala Oromiyaa Obbo Tasfaayee Geshoo ibsaa kananiin akka dubbatanitti, qaamolee dhimmi ilaallatu waliin ta’uun goodinalee fi bulchiinsa magaalotaa naannichaatti dhiyeessiin qulqullina qabuu fi saffisa qabu akka jiraatu tasifameera. Hojiiwwan dhiyeessii kana cinaattis hordoffi fi to'annon kan taasifamu yoo ta'u kana sababeeffachuudhaan yakkonni daldala adda addaa akka hin uumamneef hordoffiin nitaasifama jedhan. Gabaawwan idileen alattis Gabaa sanbataa fi Dilbata 700 ol akka naannootti jiran irratti dhiyeessiin jiraachuu himan. Gosonni dhiyeessi kunis oomishaalee qonnaa, industirii, akkasumaa bu'a beeladaafi horii gaanfaa akka dabalatus dubbnataniiru. Dhiyeessiin kunneenis, daaku qamadii, qamadii, boqqolloo, garbuu, xaaafii, akkasumas kuduraa fi muduraa, bu'aalee beeladaa fi beeladoota, killeefi meeshaaleen gabaa ayyaanaaf barbaachisan akka jiran himaniiru. Dhiyeesii gama bu'aa industiriin, zayita nyaataa, shukkaara gati madaalawaan gama waldaaleefi yuuniyeenotaan karaa seera qabeessa ta'een haawwasni akka fayyadamuuf akka dhiyatuuf xiyyeefatameera jedhan. Itti dabaluun Naannoo Oromiyatti fe'umsaa fi geejjiba oomishootaa salphisuuf keellawwan to'annoo geeggeeffamaa turan sababa gabaa kanaaf kaafamani jirus jedhan. To'annoon taasifamu kunis sochii gabaa seeran ala, kontorbaandii fi oomisha dhoksuu, gatii dabaluu, omisha yeroon irra darbe gabaaf akka hin dhiyaanne gochudhaafis Koreen to’annoo irraa hanga jalaatti hundaa’uus himaniiru.
Saayinsii fi teeknooloojii
Teekinooloojii humna cimaa qabu uumuuf hojiilee qorannoo cimsuun barbaachisaadha - Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa
Jan 1, 2026 14
Mudde 23/2018(ENA) - Hogganaan Waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiildii Maarshaal Birhaanuu Juulaa dandeettii teeknooloojii cimaa uumuuf qorannoo bu’uuraa gaggeessuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru. Imaammanni Qorannoo fi Misooma Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa eebbiifi ijaarsi giddugalaa gaggeeffameera. Fiildii Maarshaal Birhaanuun wayita sanatti akka jedhanitti, qorannoo fi misoomni dandeettii dinagdee, hawaasummaa fi waraanaa biyya tokkoo ijaaruu fi dandeettii ishee sadarkaa olaanaatti ceesisuuf gahee olaanaa qaba. Dhaabbata irra darbee, qorannoo fi qo’annoo adda addaa guddina waliigalaa biyya keenyaa fi ardii keenyaaf gumaachan gaggeessuu fi qopheessuun argannoowwan haaraa babal’isuun akka barbaachisus himaniiru. Biyya fi dhaabbata guddaa ijaaramuun kan danda’amu yaada haaraa yeroo hunda maddisiisuu, guddisuu, hordofuu fi qorachuu qofaan akka ta’e ibsaniiru. Haaluma kanaan teeknooloojii cimaa rakkoo furuu fi dantaa biyyoolessaa biyya keenyaa itti fufiinsaan eegsisu uumuuf hojii misoomaa fi qorannoo ammayyaa irratti xiyyeeffachuun barbaachisaa ta'uu ibsaniiru. Ajajaa Kolleejjii Raayyaa Ittisaa Waar Meejar Jeneraal Bultii Taaddasaan gama isaaniitiin, giddugalli kun milkaa’ina imala jijjiiramaa Raayyaa Ittisa Biyyaa keessatti gahee bakka hin buufamne qaba jedhamee amana jedhan. Dabalataanis, ijaarsa Raayyaa Ittisaa Ammayyaa keessatti gahee olaanaa qaba jechuun odeeffannoon Miidiyaan Oonlaayinii Raayyaa Ittisa Biyyaa ENAf erge ni ibsa. Raayyaan Ittisaa Itiyoophiyaa damee nageenyaa fi teeknooloojii irratti wiirtuu yaadaa fi kalaqaa adda duree ta’uun dhaabbata sadarkaa addunyaatti dorgomaa ta’uuf haala dandeessisu akka uumus ibsaniiru.
Dijitaalli Itiyoophiyaa 2030 akka biyyaatti kan eegalame teessoo dijitaalaa magaalota hundaaf babal’isuu ni dandeessisa.
Jan 1, 2026 41
Mudde 23/2018(ENA) -Inistiitiyuutiin Saayinsii Hawaa fi Ji’ospeeshiyaal Itiyoophiyaa Tarsiimoon Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 sirna teessoo dijitaalaa biyyoolessaa kan akka biyyaatti eegalame, magaalota hundatti akka babal’atu kan dandeessisu ta’uu beeksise. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 Mudde 11/2018, Giddugala konveenshinii idil addunyaa Addisitti akka ifoomsan ni beekama. Ergaa yeroo sana dabarsan keessatti Dijitaalli Itiyoophiyaa 2030 kaayyoowwan ijoo dhaqqabamummaa babal’isuu, carraa walqixxummaa lammiilee uumuu, wal amantaa lammiilee fi dhaabbilee guddisuu akka danda’u cimsanii dubbataniiru. Bu’uuraalee misoomaa dijitaalaa kan uummanni itti fayyadamu babal’isuun sirna dijitaalaa nama giddu galeessa godhateen jireenya guyyaa guyyaa lammiilee fooyyessuu akka barbaachisu himaniiru. Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutii Saayinsii Hawaa fi Ji’oospashiyaal Itiyoophiyaa Abdisaa Yilmaa ENAtti akka himanitti, sirni teessoo dijitaalaa ijaarsa bu’uuraalee misoomaa magaalotaa mijeessuuf bu’uura ta’uu ibsaniiru. Bu’uuraaleen misoomaa teessoo dijitaalaa qabeenya magaalaa haala bu’a qabeessa ta’een dijiitaalaan galmeessuun magaalota bifa ammayyaa ta’een hoogganaman ijaaruuf gumaacha olaanaa akka taasisan ibsaniiru. Ka’umsa Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030tiin Teessoo Dijitaala biyyoolessaa bu’uuraalee misoomaa babal’isuun xiyyeeffannoo ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Sirni teessoo dijitaalaa magaalota hedduu keessatti sadarkaa adda addaatiin hojiirra oolaa akka jirus daarektarri olaanaan kun hubachiisaniiru. Hojiirra oolmaan dijitaala Itiyoophiyaa 2025 haala gaariin kan goolabame ta’uufi jireenya hawaasaa karaa heddun kan mijeesse ta’uu eeraniiru. Tarsiimoon Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 bu’uuraalee qunnamtii(komunikeeshinii) ofumaan misoomsuun tajaajila dijitaalaa haqa qabeessa ta’e babal’isuuf kan hojjetu ta’uu ibsaniiru.
Hospitaaloonni hundi dijiitaala Itiyoophiyaa 2030tiin tajaajila fayyaa dijitaalaa akka kennan ni taasifama
Dec 31, 2025 99
Mudde 22/2018 (ENA)– Hospitaaloonni hundi dijiitaala Itoophiyaa 2030tiin tajaajila fayyaa dijiitaalaa kennuu akka danda’aniif galteewwan barbaachisoo guutamaa jiraachuu De’eetaan Ministira Fayyaa Doktar Darajjee Dhugumaa ibsan. Itiyoophiyaan fayyaa fi nageenya hawaasummaa lammiilee ishee mirkaneessuuf imaammatootaa fi tarsiimoowwan fayyaa idil-addunyaa fi biyya keessaa hojiirra oolchitee jirti. Kanaanis imaammata fayyaa ittisa irratti hundaa’e fayyadamuun du’aatii haadholii fi daa’immanii hir’isuudhaan kaayyoo misooma itti fufiinsa qabu jalatti kaa’aman dursee milkeessuu danda’teetti. Doktar Daraijjee Dhugumaan ENA’tti akka himanitti, Ministeeri Fayyaa dhaabbilee fayyaa bittaa galteewwaniin ammayyeessuun, tajaajila fayyaa dijiitaalaan deeggarame kennuun, teknoloojii dijiitaalaa haala fooyya’aan fayyadamuun dhaabbata fakkeenya gaarii ta’e dha. Tarsiimoon Dijiitaala Itiyoophiyaa 2030 sektara fayyaatiif carraa gaarii akka fide himuun, xumura tarsiimoo kanaan dhaabbileen fayyaa hedduun sirna odeeffannoo isaanii gara sirna dijiitaalaatti akka ceesisan ibsaniiru. Bara 2030tti Itiyoophiyaa keessatti hospitaalonni hundi tajaajila guutummaatti waraqaa malee akka kennaniif galteewwan tajaajila dijitaalaa barbaachisoo ta’an guutamaa jiraachuu himaniiru. Ogeeyyiin Fayyaa Ekisteenshinii sirna fayyaa hawaasaa irratti hundaa’e keessatti odeeffannoo gandarra jiran sirna dijiitaalaan qabatanii gabaasa ittiin dhiyeessan akka jiru ibsaniiru. Kanaafis, adeemsa kana guutummaatti hojiirra oolchuun tajaajilli dijitaalaa sektara fayyaa keessatti sadarkaa olaanaa akka qabaatu ni taasifama jedhaniiru. Dhaabbilee fayyaa giddugaleessa godhachuun sirnoonni odeeffannoo gara dijitaalaatti akka ce’an kan ibsan Doktar Daraijjeen, hojmaanni to’annoo ogeeyyii fayyaa irratti gaggeeffamu hojiirra akka oolu ibsaniiru. Dijitaala Itoophiyaa 2030’n lammiileen mana isaanii taa’anii gorsa fayyaa fi tajaajila akka argatan, akkasumas beellama fayyaa salphaa fi saffisaan akka qabatan carraa uuma jedhaniiru. Dabalataanis, sirni dijitaalaa odeeffannoo yaalaa dhukkubsattootaa salphatti argachuuf dandeessisan hojiirra akka oolu eeranii, galteewwan, galteewwan sirna odeeffannoo dijitaalaa kana hojiirra oolchan gara biyyaatti galfamaa akka jiran ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo#ENA#TOI
Sagantaan Koodarsii Miiliyoona 5 lammiileen Itiyoophiyaa Dijiitaala keessatti hirmaannaa ho’aa akka taasisan isaan dandeessisa
Dec 30, 2025 117
Mudde 21/2018(ENA)- Sagantaan Koodarsii Itiyoophiyaa miiliyoona shanii, hirmaannaan isaan Dijitaalaa keessatti qaban guddisuun beekumsaa fi gahumsa uumaafii jiraachuu barattoonni dhaabbilee olaanaoo ibsan. Dijiitaala Itiyoophiyaa Ijaaruuf bu’uuraalee misoomaa fi haala mijataa uumuu dabalatee hawaasni beekumsa dijiitaalaa qabu barbaachisaa dha. Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad Adoolessa 16 bara 2016 inisheetivii Koodarsii Miiliyoona 5 eegalchiisuunsaanii ni yaadatama. Leenjichi dandeettii bu’uuraa Andirooyidii Misoomsuu, Weeb pirogiraamiingii, Daataa saayinsii fi hubannoo nam tolcheerratti kan xiyyeeffatadha. Barattoonni Yunvarsiitii Finfinnee fi Kotobee ENAn dubbise akka ibsanitti, leenjiin koodarsii dandeettii Dijiitaalaa yeroon gaafatu dagaagfachuuf bu’uura kan ta’udha. Yunvarsiitii Finfinneetti barattuun Infoormeeshin Siistanii Arseemaa Mangistuu leenjiin koodarsii dandeettii bu’uuraa bilisaan horachuuf kan nama dandeessisu carraa kan uumuu ta’uu dubbatti. Leenjiin koodarsii saffisa dijiitaalayizeeshiniif murteessaa waan ta’eef namni hundi leenjicha hirmaachuu qaba jechuun ibsiteetti. Yunvarsiitichatti barattuun Infoormeeshin Siistanii Tsiyoon Misganaawu gamasheen leenjiin koodarsii nama hundaaf haala mijateen kan qohaa’edha jetteetti. Leenjii koodarsiin beekumsa bu’uuraa dijiitaalaa argatte barnoota idileef akka ishee gargaare ibsiteetti. Leenjichi qajeelfama itti fayyadama teekinooloojii akka ta’uu fi haala namni hundi hubachuu dabnda’uun kan qophaa’e ta’uu kan dubbatte immoo barattuu Infoormeeshin Siistemii Beeteliheem Salamooni. Yunivarsiitii Kotobeetti barataan Saayinsii Ispoortii Galataa Kaafoo akka ibsetti, leenjichi kompiitaraanis ta’e mobaayiliin hordofuun kan danda’amudha. #Ena Afaan Oromoo #ENA#TOI
Ispoortii
Bara Haaraa Faranjootaatti Maanchistar Siitiin Sendarlaandi waliin taphni gaggeessan hawwiin eegama.
Jan 1, 2026 43
Mudde 23/2018(ENA)– Piriimar Liigii Ingilizitti oolmaa guyyaa dhumaa torban 19ffaan taphoonni afur ni gaggeeffamu. Galgala sa’aatii 5:00 Senderlaandi Maanchister Siitii waliin Istaadiyeemii Ooflaayititti taphni gaggeessan ni eegama. Senderlaandi qabxii 28n sadarkaa 7ffaa qabateera. Maanchistar Siitiin qabxii 40n sadarkaa 2ffaarra jira. Bara Dorgommii kanatti gara Liigiitti kan guddate Senderlaandi yeroo gaarii dabarsaa jira. Haala gaariirratti kan argamu Maanchistar Siitiin gahumsa cimaa Liigichatti agarsiisaa jira. Manchistar Siitiin yoo injifate dursaa Liigichaa Arsenaal waliin garaagarummaa qabxii qaban gara 2tti gad buusa. Abbaan Istaadiyeemichaa Senderlaandi yoo injifate, bu’aa taphoota wal qixaa lamaa booda gara injifannootti deebi’uu isa dandeessisa. Sagantaawwan biroon Liivarpuul Liids Yuunaayitid waliin fi Kiristaal Paalaas Fuulhaam waliin sa’aatii wal fakkaataa galgala sa’aatii 2:30tti ni taphatu. Biriintifoordi Tootinihaam Hootisparsi waliin galgala sa’aatii 5:00 irratti ni taphatu.
Nageellee Arsiin injifannoo ittifufaasaa galmeesse
Dec 30, 2025 139
Mudde 21/2018(ENA) - Sagantaa Tapha Piriimar Liigiii Itiyoophiyaa torban 12ffaan, Nageellee Arsiin Magaalaa Diree Dawaa 3 fi 0n injifateera. Tapha Istaadiyeemii Magaalaa Finfinneetti gaggeeffameen Habiib Kamaal, Naatinaa’el Salamoonii fi Allenyitaa Maarqos galchii injifannoo lakkoofsisaniiru. Liigichatti injifannoo ittifufaa kan galmeesse Nageellee Arsiin qabxii 19n sadarkaasaa 8ffaarraa gara 5ffaatti ol guddiseera. Bara dorgommichaatti baay’ina taphoota injifate shaniin gaheera. Faallaasaan liigichatti yeroo 4ffaa kan mo’ame Magaalaan Dirree Dawaa qabxii 16n sadarkaa 9ffaa qabateera
Taphni Faasil kanamaan Itiyoo-Elektirikii waliin gaggeessan hawwiin eegama
Dec 29, 2025 166
Mudde 20/2018(ENA)- Piriimar ligii Itiyoophiyaa torban12ffaan har’a eeggala. Guyyaa sa’aatii 7:00 Faasil kanamaan fi Itiyoo-Elektirikii waliin Istaadiyeemii Finfinneetti taphatu. Liigichaan Faasil kanamaan taphoota 11 gaggeesseen yeroo shan yoo injifatu yeroo 6 qixa baheera. Taphicharratti galchii 9 yoo lakkoofsisu galchii sadii keessummeesseera. Garichi qabxii 21n sadarkaa 2ffaa qabateera. Liigichatti hanga ammaatti kan hin mo’amne kilabiin qofeessi Faasil kanamaadha. Itiyoo elektiriik bara dorgommichaatti taphoota 11 gaggeessee shan yoo injifatu yeroo tokko mo’ameera. Taphoota hafan 5n qixaan adda baheera. Galchii 8 yoo lakkoofsisu galchii 4 keessummeesseera. Garichi qabxii 20n sadarkaa 5ffaa qabateera. Faasil kanamaan yoo injifate dursummaa liigichaa Buna Sidaamaarraa yeroof ni fudhata. Sagantaa biroon maqalee 70 Indartaan Qiddusgoorgis waliin galgala sa’aatii 12:00tti Istaadiyeemii Yunvarsiitii Saayinsii fi Teekinooloojii Adaamaatti ni taphatu. Maqalee 70 Indartaan liigichatti taphoota 11 gaggeesse keessaa kan injifate yeroo 1 qofa. Yeroo shan yoo injifatamu haaluma wal fakkaatuun yeroo 5 qixa baheera. Galchiiwwan12 yoo lakkoofsisu galchii 6 keessummeesseera. Garichi qabxii 7n sadarkaa 19ffaa qabatee sadarkaa gad bu’aa keessatti argama. Liigichaan Inijifataan yeroo 16 Qiddusgoorgis gamasaan taphoota 11 gaggeessee shan yoo injifatu yeroo 4 mo’ameera. Taphoota biroo hafan 2 qabxii qooddateera. Taphoota 11n galchii 9 yoo lakkoofsisu galchii 7 keessummeesseera. Qiddus Goorgis qabxii 17n sadarkaa 6ffaa qabateera. Taphichaan Maqalee70 Indartaan injifannoo itti fufaa galmeessisuuf, Qiddus goorgis gara injifannootti deebi’uuf ni taphatu. Walwaloo Addai Giraat Yunvarsiitiin Magaalaa Baahir Daar waliin Guyyaa sa’aatii 10: 00tti Istaadiyeemii Finfinneetti ni taphatu. Walwaloo Addigiraat Yunvarsiitiin qabxii 8n sadarkaa 18ffaa qabatee sadargaa gad- bu’aa keessatti argama. Walaayittaa Diichaan Magaalaa Arbaa Minci waliin guyyaa sa’aatii 9:00tti Istaadiyeemii Yunvarsiitii Saayinsii fi Teekinoolojii Adaamaatti ni taphatu. Walaayittaa Diichaan qabxii 10n sadarkaa 17ffaan adarkaa gad bu’aa keessatti argama. Magaalaan Aarbaa Minci qabxii 5n sadarkaa dhumaa 20ffaa qabateera. Magaalaan Aarbaa Minici Liigichaan tapha tokkoyyuu kan hin injifanne garee qofeessadha. Bunni Sidaamaa Liigicha qabxii 22n dursaa jira. Piriimar Liigii Itiyoophiyaa torban 12ffaan hanga mudde 22 bara 2018tti ni tura.
Taphoota Waancaa Afrikaa marsaa 2ffaan har'a taphoonni afur ni taphatamu
Dec 28, 2025 231
Mudde 19/2018 (ENA) - Tapha waancaa Afrikaa 35ffaa qopheessummaa Morookoon gaggeeffamaa jiruun har'a taphoonni marsaa 2ffaa afur ni taphatamu. Waaree booda sa'aatii 9:30 jalqabee Gaaboon Moozaambik waliin morkatti. Tapha marsaa jalqabaan Gaaboon Kaameeruuniin, Moozaambik ammoo Kootidivoweeriin injifatamuun kan yaadatamuu dha. Galgala sa'aatii 12:00 eegalee Ikkuwaatooriyaal Giiniin Sudaan waliin falmatti. Akkasumas halkan sa'aatii 2:30 jalqabee Aljeeriyaan Burkiinaa Faasoo waliin taphatti. Halkan sa'aatii 5:00 jalqabee immoo morkiin Kootidivowaar Kaameeruun waliin taasiftu tapha eegamuudha. Gareewwan lamaan taphoota 11 taphoota adda addaarratti waliin taphatan 11 keessa Kaameeruun yeroo 4 yoo injifattu, Kootidivowaar yeroo 4 injifachuun yeroo 3 ammoo qabxii qooddataniiru. Shaampiyoonaan Waancaa Afrikaa 34ffaa Kootidivowaar falmiin har'a warra Leencotaa waliin taasiftuun ni eegama. Tapha garee jalqabaatiin Kootidivoyaar Moozaambiikiin, Kaameeruun Gaabooniin 1 fi 0n injifatte. Humnoonni kubbaa miilaa Afrikaa ciccimoon lamaan waltajjii ardii irratti yeroo wal argan kun yeroo 6ffaati. Biyyoonni kunneen yeroo jalqabaaf kan waliin taphatan Waancaa Afrikaa torbaffaa, bara Faranjootaa 1970 Sudaan keessummeessite irratti ture. Yeroo sanattis Kaameruun 3 fi 2 mo’atte.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Hojiileen eegumsa naannoof taasifaman oomishaa fi oomishtummaa guddisaniiru- Biiricha
Dec 31, 2025 89
Mudde 22/2018(ENA) - Waggoottan darban keessa hojiileen kunuunsaa fi eegumsa qabeenya uumamaaf taasifameen oomishaa fi oomishtummaan akka dabalu taasiseera jedhe Biiroon Qonnaa Beenishaangul Gumuuz. Itti aanaan itti gaafatamaa biirichaa fi itti gaafatamaan damee qabeenya uumamaa obbo Abdulkariim Muusaa akka jedhanitti, hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii bara kanaa baatii Amajjii keessa ni eegala. Hojiin kun aanaalee hunda keessatti akka hojjetamu eeruun, kutaaleen hawaasaa hedduun akka hirmaatan beeksisaniiru. Haaluma kanaan lafa heektaara kuma 57 ol ta’u irratti hojii kunuunsa biyyee fi bishaanii raawwachuuf karoorfamuu ibsaniiru. Bara darbe lafa heektaara kuma 52 irratti hojiin kunuunsa qabeenya uumamaa hojjetamuu yaadachiisaniiru. Hojiin kunuunsa qabeenya uumamaa waggoota darban keessatti hojjetaman bu’aa hedduu argamsiiseera jechuun ENAtti himaniiru. Faayidaalee kanneen keessaa oomishaa fi oomishtummaa dabaluu, dhiqama biyyee hir’isuu, burqaawwan bishaanii guddisuu fi itti fayyadama jallisii dabaluu eeraniiru. Faayidaa kunuunsi qabeenya uumamaa qabu hedduu ta’uu hubachuun, hawaasni hojii kunuunsa biyyee fi bishaanii baatii Amajjii keessa eegalamu iraatti hirmaannaa cimsuu akka qabu waamicha dhiyeessaniiru.
Dirree Dawaatti qabeenya biyyee fi bishaanii misoomsuun wabii nyaataa mirkaneessuuf gargaaraa jira
Dec 30, 2025 110
Mudde 21/2018(ENA) - Dirree Dhawaatti qabeenya biyyee fi bishaanii misoomsuun wabii nyaataa mirkaneessuuf gargaaraa jiraachuu ibse Biiroon Qonnaa, Bishaan, Albuudaa fi Inarjii bulchiinsichaa. Bulchiinsichatti waktii Bonaa kana keessa lafa bishaan manca’e heektaara kuma 5 fi 550 irratti hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii akka raawwatamu himameera. Biiroo Qonnaa, Bishaan, Albuudaa fi Inarjii Bulchiinsichaattii Daarektarri Misooma Qabeenya Uumamaa fi Bulchiinsa Lafa Baadiyyaa Alii Ahimad ENAtti akka himanitti, waggoota darban keessatti hojiin kunuunsa biyyee fi bishaan sululoota gogan keessatti taasifamaa ture imala wabii nyaataa mirkaneessuuf taasifamu milkeessaa jira. Hojiilee kunuunsa biyyee fi bishaanii taasifameen burqaawwan deebi’uun damdamachuu jalqabuu, akkasumas misooma jallisii xixiqqaan gandoota baadiyyaa keessatti babal’achuu ibsaniiru. Kana malees kunuunsi qabeenya bishaanii fi biyyee oomishnii fi oomishtummaan akka dabalu taasisuun nyaanni beeladootaas akka argamu gargaareedha jedhan. Kunis wabii nyaataa qonnaan bultootaa mirkaneessuu danda’eera jedhan. Keessattuu dargaggoonnii fi dubartoonni waldaaleen misooma bishaan kuufamaa irratti gurmaa’uunii fi lafa qonnaa haaraa misooma bishaan kuufamaatiin uumame gara misoomaatti jijjiiruun irraa fayyadamoo ta’aniiru jedhani. Dhuma baatii kanaatti kan eegalamu misoomni bishaan kuufamaa, jiraattonni bulchiinsichaa kuma 37 fi 550 ol kan irratti hirmaatan ta’u jedhameera. Qonnaan bultoota yaada isaanii ENAf kennan obbo Adar Hasaniifi Adar Abdullaahii Yusuuf akka jedhanitti kunuunsi misoomni qabeenya bishaaniifi biyyeef taasisan kuni lafa gabbataan lolaan akka hin haqamne gochuun oomishaa fi oomishtumma isaanii dabaluu himan. Keessattuu, misoomni burqaa bishaanii fi misoomni jallisii wabii nyaataa isaanii mirkaneessuuf akka isaan dandeessise, misooma bishaan bona bara kanaa irratti hirmaachuuf eeggachaa akka jiran hubachiisaniiru.
Godinichatti lafa heektaara kuma 251 ol irratti hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii ji’oota Bonaa keessa ni raawwatama
Dec 19, 2025 390
Mudde 10/2018(TOI) - Naannoo Oromiyaa Godina Wallaaggaa Lixaatti lafa heektaara kuma 251 ol irratti hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii ji’oota Bonaa keessa kan gaggeeffamau ta’uun ibsame. Waggoottan darban hojii kunuunsa biyyee fi bishaanii taasifameen, lafti heektaara miliyoona 33 ol misoomsamuu odeeffannoon Ministeera Qonnaa irraa argame ni ifoomsa. Bara kanas naannolee adda addaa keessatti hojiin walfakkaataan ciminaan hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, naannoo Oromiyaa keessattis hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii haala qonnaan bulaa hirmaachiseen hojjetamaa jira. Waggoota darbanitti naannichatti hojiiwwan kunuunsa biyyee fi bishaanii hojjetamaa kan turan yoo ta’u, lafa heektaara miliyoona 3 ol misoomsuun fayyadamummaa qonnaan bultootaa guddiseera. Yeroo ammaa kanattis hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’u, Godinoota kanneen keessaa immoo Godina Wallaggaa Lixaatti kunuunsa biyyee fi bishaanii yeroo Bonaa kanatti lafa heektaara kuma 251 ol kunuunsuuf hojjetamaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa ibseera. Waajjirichatti itti gaafatamaan Garee Eegumsa Qabeenya Uumamaa obbo Fiqiruu Birhaanuu akka jedhanitti, waggoota darban keessa hojiiwwan kunuunsa biyyee fi bishaanii Godinicha keessatti raawwataman dhiqama biyyee ittisuu, qabeenya bishaan lafa jalaa fi bishaan lafa gubbaa dabaluu, oomishtummaa qonnaa guddisuu irratti jijjiirama qabatamaa fideera. Bona kana lafa heektaara kuma 251 fi 471 ol irratti hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii kan raawwatamu ta’uu ibsuun, qonnaan bultoonni kuma 400 ol hojii kana irratti akka hirmaatan ibsaniiru. Ijaarsi irkanii, boohoo bishaanii baasuu fi hojiiwwan kunuunsa qabeenya uumamaa biroo qonnaan bultoota dammaqinaan hirmaachisuun akka raawwataman himaniiru. Hojii kana galmaan ga’uufis muuxannoo waggoota darban irraa argame irraa ka’uun, hojiin sosochii hawaasaa xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhan. Hojiilee kunuunsa biyyee fi bishaanii taasifameen lafti misoomeera. Lafti naannoo sanaa misoomuun isaa immoo qonnaan bultoonni naannichaa horsiisa kanniisaa irratti bobb’uun, gariin immoo soorata beeladootaa fi kanneen biroo irratti hirmaachuun akka fayyadaman carraa baneera jedhan.
Ministirri Muummee Hindi Naareendiraa Moodii Ashaaraa Magariisaa kaa’an
Dec 17, 2025 310
Mudde8/2018(TOI)- Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimad Ministira Muummee Hindii Naareendiraa Moodii waliin ta’uun Ashaaraa magariisaa isaanii kaa’aniiru. Itiyoophiyaa fi Hindi misooma magariisaa irratti kaayyoo wal fakkaataa kan tarkaanfachiisaan ta’uu isaaniin muuxannoo qaban wal jijjiiruuf kutannoo qaban ibsaniiru.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 1359
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan. Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru. Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru. Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.
Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifama
Dec 7, 2024 9776
Sadaasa 27/2017(TOI) - Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu Humni Elektiriikii Itoophiyaa beeksise. Har'a galgala kana tasgabbii dhabuu sistamaatiin rakkoo mudateen guutuu biyyattiitti humni elektirikii addaan citeera. Rakkoo kana hiikuufi humnicha deebisuuf buufatalee maddoota humnaafi raabsaatti tattaaffiin olaanaa taasifamaa jira. Rakkoo umame Humni Elektiriikii Itoophiyaa hiikee hanga bakkasaatti deebisutti obsaan akka nu eegdan kabajaan gaafachaa, odeeffannoowwan jiran hatattaamaan kan isiniin biraan geenyu ta'a jechuun Tajaajilli Elektiriikii Itoophiy karaa miidiyaa hawaasummaa isaa beeksiseera.