Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Dhiibbaa uumaan miidiyaa Hawaasaa beekamaan Diilaan peej Harariin daawwachuuf qophaa’uusaa fi Magaala seenaa qabeettii kana Addunyaatti beeksisuuf carraa gaariidha
May 22, 2026 494
Caamsaa 14/2018(ENA): Dhiibbaa uumaan miidiyaa Hawaasummaa beekamaan Diilaan Peeji daawwannaa Hararitti taasisuf qophaa’uun isaa, magaalaa seena qabeessa kana addunyaatti caalaatti beeksisuuf carraa gaarii akka tahe Biiroon Aadaa, Turizmii fi Hambaa Naannoo Hararii beeksise. Qabeenya seenaa fi aadaa bal’aa Itiyoophiyaa keessa jiran ummata addunyaatiin gahuuf, Diilaan Peeji jalqaba daawwannaa isaa Finfinneetti egaleera. Itti aansuunis gara magaalaa miidhagduu fi seena qabeettii Harar imaluun daawwannaa gochuuf qophaa’uu isaa ifa godheera. Dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasummaa addunyaarratti beekamoo ta’an keessaa tokko kan ta’e lammiin Ingiiliz Diilaan Peeji, daawwannaa Harar keessatti taasisuun keessattuu waraabessa nyaachisuuf hawwiin eeggachaan jira jedheera. Dhimma kanaan walqabatsee ENA’n kan haasofsiise Hogganaan Biiroo Aadaa, Turizmii fi Hambaa Naannoo Hararii Obbo Tawalladaa Abdoosh Harar xiyyeeffannoo daawwattoota biyya keessaa fi alaa caalaatti harkisaa dhufuu ishee dubbataniiru. Magaalaan Harar miidhagina misooma kooriidariitiin argatte dabalatee magaalaa baay'ee hawwattuu ta'uu ishee kaasanii, kanaanis xiyyeeffannoo daawwattootaa caalaatti argachaa jirti jedhaniiru. Dhiibbaa uumaan miidiyaa hawaasummaa sadarkaa addunyaatti beekamaa ta’e Diilaan Peeji Harar daawwachuuf qophaa’uun isaa, magaalaa seena qabeessa kana addunyaatti beeksisuuf carraa gaarii ta’uu isaa ibsaniiru. Turtii isaatiin magaalaa keessa naanna’uun iddoowwan hawwata turizmii adda addaa kan daawwatu ta’uu fi agarsiisa waraabessa nyaachisuu kan namoonni baay'een arguuf hawwan akka daawwatu ibsuun, keessummaa kanaan simannaa gaariidhaan akka simatan dubbataniiru. Hordoftoota miliyoona 19 ol kan qabu Diilaan Peeji, daawwannaan isaa Jagool ishee hambaa addunyaa taate dabalatee, naannichatti iddoowwan hambaa seenaa durii, amantii fi hawwata Turizmii biroo addunyaatti caalaatti beeksisuuf carraa gaarii akka ta’u hogganaan kun eeraniiru.
Barruun Nagaarii mata duree “Kan injifatu Itiyoophiyaa dha'' dhimma jedhuun dubbisaaf geesseetti
May 22, 2026 305
Caamsaa 14/2018(ENA): Barruun Nagaarii mata duree guddaa "Kan injifatu Itiyoophiyaa dha" jedhuun, dhimmoota biyyaalessaa fi addunyaa murteessoo ta'an qabachuun dubbistootaaf qophaa'ee dhiyaateera. ENA tiin baatii lama lamaan kan maxxanfamtu barruun "Nagaarii", barruu ishee waggaa 8ffaa lakkoofsa 33ffaan filannoo waliigalaa 7ffaa dhimma ijoo taasifachuun, mata duree "Itiyoophiyaan ishee Mo'attu dha" jedhuun xiinxala bal'aa dhiyessitee jirti. Barruun kun seenaa filannoo Itiyoophiyaa kaleessaa hanga har'aa, adeemsa filannoo waliigalaa 7ffaa, akkasumas qophaa'ummaa guutuu paartilee dorgomtootaa hanga dhaabbilee filannootti jiru sakatta'iinsa ariifataadhaan ni dhiyeessiti. Itiyoophiyaan yeroo ammaa kana boqonnaa murteessaa irra akka jirtus bal'inaan xiinxalteetti. Filannoon waliigalaa 7ffaan Caamsaa 24 bara 2018 A.L.I gaggeeffamu, imala Itiyoophiyaan ijaarsa sirna demokiraasii keessatti eegalteef boqonnaa murteessaa akka ta'e dubbistootaaf qopheessitee dhiyeessiteetti. Gama biraatiin, barruu kana keessatti sagantaa ce’umsa dijitaalaa Itiyoophiyaa, raawwii bara 2025 irraa kaasee hanga galmoota tarsiimoo Dijitaalaa 2030tti, sagantaa misooma biyyaalessaa waliin walitti hidhuun bal’inaan xiinxalameera. Waltajjii hoggantoota Afrikaa 39ffaa galmoota Ajandaa 2063 waliin walbira qabuun sakatta'uudhaan, dhimmoota ijoo irratti xiyyeeffatteetti. Itiyoophiyaa fi hojiirra oolmaa waliigaltee naannoo daldala bilisaa Afrikaa sakatta'uun, kaayyoo fi faayidaa waliigaltichaas bal’inaan dhiyeessiteetti. Qabiyyee ishee murteessoo Mandhaaleerratti xiyyeeffatte keessaa sirna Aadaa waldhabdee Itiyoophiyaanonni itti furatan mata duree “Daandii Araaraa” jedhuun dubbistootaaf dhiyeessiteetti. Itiyoophiyaa irraa kaasee hanga addunyaatti abjuuwwan, yaaliiwwan, milkaa'ina, ammayyummaa teeknooloojii yeroo ammaa fi fedhii biyya keenyaa kan saayinsii hawaa fi 'GEOSPATIAL' eessaa gara eessatti akka deemaa jiru gadi fageenyaan xiinxalteetti. Qabeenyi Tuurizimii Uumamaa fi nam-tolcheen badhaadhina Itiyoophiyaati. Qabeenyi tuurizimii fi miidhaginni Itiyoophiyaa waggoottan dheeraaf dhokatee turee fi erga jijjiiramaa as mul'achuu jalqabes dhimma biraa kan barruun Nagaarii irratti xiyyeeffate dha. Barruun kun mata duree "Wiirtuu Daangaa Hin Qabne" jedhuun, sadarkaa ga'umsa yaalaa biyya keenyaa fi dhimmoota furtuu ta'an, dhaabbata yaalaa beekamaa tokko akka fakkeenyaatti fudhachuun bal'inaan irratti ibsiteetti. Nagaariin dhimmoota Hawaasummaa, Dinagdee fi Siyaasaa biroos gadi fageenyaan xiinxaluun dubbistoota isheetiif "Kunoo" jetteetti.
Pirojektiin daandii filannoo Magaalaa Jigjigaa eebbifamee tajaajilaaf banaa ta’e
May 22, 2026 329
Caamsaa 14/2018 (ENA): Pirojektiin daandii filannoo Magaalaa Jigjigaa birrii miiliyoona 672 oliin hojjetame ifatti eebbifamee tajaajilaaf dhiyaateera. Eebba kanarratti Pireezidaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Somaalee Musxafee Mahaammad, Ministirri Misooma Magaalaa fi Bu'uuraalee misoomaa Aadde Caaltuu Saanii, Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Daandiiwwan Itiyoophiyaa obbo Mahaammad Abdu’ahimad, Hogganaa Biiroo Daandiiwwan Naannichaa obbo Idiriis Musee fi kanneen biroo argamaniiru. Pireezidaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Somaalee Musxafee Mahamamad Pirojektiin daandii filannoo Magaalaa Jigjigaa eebbifamee tajaajilaaf dhiyaate sochii daldalaa, diinagdee fi hawaasummaa magaalichaaf haala mijeessa jedhaniiru.   Daandiin kun hawaasa fayyaduu qofa osoo hin taane bifa magaalattii jijjiiruuf gumaacha olaanaa akka qabus ibsaniiru. Hojiiwwan misoomaa hunda galeessa erga jijjiiramni dhufee hojjetaman dachaa lama guddisuun fayyadamummaa misoomaa ummataa daran cimsuuf naannichi ciminaan kan hojjatu ta’uu ibsaniiru. Ministirri Ministeera Misooma Magaalaa fi Bu’uuraalee misoomaa Aadde Caaltuu Saanii gama isaaniitiin, Pirojektiin Daandii Filannoo Magaalaa Jigjigaa misoomaa fi guddina Magaalaa Jigjigaa saffisiisuu keessatti iddoo guddaa qaba jedhan.   Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Daandiiwwan Itiyoophiyaa obbo Mahaammad Abdurahman, bulchiinsi karoora bu’uuraalee daandii biyyaalessaa galmaan ga’uuf hojjechaa jiraachuu eeruun, Pirojektiin Daandii Filannoo Magaalaa Jigjigaas qaama isaa ta’uu ibsaniiru. Pirojektiin daandii Bulchiinsa Daandiiwwan Itiyoophiyaan hojiirra oolche Dhaabbata Ijaarsa Daandii Yirgaleemiin akka ijaarames ibsameera.   Pirojektiin daandii kun kiiloo meetira 7.3 kan uwwisu yoo ta’u, bal’inni isaa meetira 30 akka ta’e gabaasni dhaabbata miidiyaa naannichaa ni mul’isa. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Kan mul'ate

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa
Waldaaleen siivikii fi dhaabbileen amantaa marii biyyaalessaa kana akka milkaa’uuf gahee isaanii bahaa jiru
May 22, 2026 579
Caamsaa 14/2018 (ENA): Milkaa’ina marii biyyaalessaa kana keessatti waldaaleen siivikii fi dhaabbileen amantaa ga’ee isaanii bahaa akka jiran Komishinarri Olaanaan Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Piroofeesar Masfin Ara’ayaa ibsaniiru. Komishiniin marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa dhaabbilee amantaa fi waldaalee siivikii waliin waltajjii galtee walitti qabuu ajandaa walitti qabuu gaggeessaa jira.   Piroofeesar Masfin Ara’ayaa akka jedhanitti, waldaalee siivikii fi dhaabbileen amantaa sadarkaa aanaatti deeggarsaa komishinichaaf taasisaniin abbaa adeemsa kanaa ta’uu mirkaneessaniiru. Keessattuu, komishinichi erga hundeeffamee waggoota darban keessatti hooggantoonni dhaabbilee amantaa fi bakka bu’oonni waldaalee siivikii gahee olaanaa taphachuu isaanii yaadachiisaniiru. Dhaabbileen amantaa fi waldaaleen siivikii karaa hooggantoota isaaniitiin hojii aanaalee dhaqqabsiifamuuf gaggeeffamu keessatti adda duree ta’uu eeraniiru. Adeemsi marii biyyaalessaa eegalame marii fi wal-hubannoon garaagarummaa biyyattii keessatti mul’atu hiikuuf waltajjii faayidaa qabu ta’uu Pireezidaantiin Mana Maree Dhaabbilee Waldaalee siivikii Itiyoophiyaa Ahimad Huseen hubachiisaniiru. Qaamoleen hundi carraa kana sirnaan fayyadamuu akka qaban himaniiru. Ajandaa marii biyyaalessaa hunda hammatee fi amansiisaa taasisuuf hojiiwwan gaggeeffaman irratti waldaaleen siivikii fi dhaabbileen amantaa hirmaachuu akka qaban ibsaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Filannichi nagaa fi dimokiraatawaa akka ta’uuf gahee keenya bahaa jirra – Dhaabbilee hawaasa siivilii Godina Baalee
May 22, 2026 328
Caamsaa 14/2018(ENA):Filannoon waliigalaa 7ffaan nagaa, dimokiraatawaa fi milkaa’aa ta’ee akka xumuramuuf gahee isaanii bahaa akka jiran dhaabbileen hawaasa siivilii godina Baalee keessa jiran beeksisan. Dhaabbileen kunneen adeemsa filannichaa taajjabuu fi hawaasa keessatti hubannoo gahaa uumuuf sochiiwwan qabatamaa taasisaa akka jiran ibsaniiru. Pirezdaantiin Federeeshinii Dargaggoota Godinichaa obbo Iissaa Xaahir, miseensonni dhaabbata isaanii loogummaa kamiyyuu irraa walaba ta’een nageenya kabachiisuuf hojjachaa jiru jedhaniiru. Filannichi nagaa fi dimokiraatawaa ta’ee akka xumuramuuf hawaasa biratti hubannoo uumuu fi odeeffannoo sirrii biraan gahuu keessatti gahee isaanii bahaa akka jiran ibsaniiru. Gama biraatiin, Itti Aanaan Itti Gaafatamaa Waldaa Dargaggoota Godinichaa obbo Caalaa Geetaachoo, waldichi taajjabdoota filannoof leenjii kennuu isaa dubbataniiru. Miseensonni waldichaa filannoon waliigalaa 7ffaan milkiin akka xumuramuuf kutannoodhaan hojjachaa akka jiran himanii, miseensota taajjabdummaaf adda bahan kanaan adeemsa filannichaa taajjabuuf leenjiin gahaan kennamuu isaa ibsaniiru. Dargaggoonni beekumsaa fi muuxannoo leenjii irraa argatanitti fayyadamanii itti gaafatamummaa isaanii akka bahan deeggarsaa fi hordoffiin walitti fufiinsa qabu taasifamaafi akka jirus ibsaniiru. Filannicha keessatti hirmaannaa ho’aa dubartootaa mirkaneessuuf hojjachaa akka jiran kan ibsan immoo Pirezidaantii Federeeshinii Dubartoota Godina Baalee aadde Gannat Kaasahuun dha. Filannoo waliigalaa kanaan dubartoonni hirmaannaa ho’aa gochuudhaan dirqama lammummaa isaanii akka bahan miseensonni waldichaa sadarkaa sadarkaan jiran itti gaafatamummaa isaanirraa eegamu bahaa jiru jedhaniiru. Godina Baaleetti buufataalee filannoo 395 filannoo waliigalaa 7ffaatiif gurmaa’an irratti, miseensonni dhaabbilee hawaasa siivilii kuma 1tti siqan walaba ta’anii gahee taajjabummaa isaanii akka bahan adda baafamuun isaanii barameera.
Lammiileen kaardii filannoo isaanii fudhatan mirga filachuu isaanii akka fayyadaman gargaaruuf duulli hubannoo uumuu gaggeeffamaa jira
May 22, 2026 342
Caamsaa 14/2018 (ENA): Lammiileen filannoo waliigalaa torbaffaaf kaardii filannoo argatan mirga filachuu isaanii akka fayyadaman gargaaruuf duulli hubannoo uumuu gaggeeffamaa jiraachuu dhaabbileen hawaasa siivikii ibsaniiru. Akka sagantaa Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaatti, guyyaan filannoon gaggeefamu Caamsaa 24, 2018tti waan gaggeeffamuuf guyyoota muraasatu hafe. Filannoo waliigalaa 7ffaa baranaa kana irratti lammiileen karaalee adda addaa galmaa’an miiliyoona 50 fi kuma 514 kaardii filannoo isaanii argachuu danda’aniiru. Filannoo waliigalaa kanaan paartileen siyaasaa morkattoonni 47 walumaa galatti kaadhimamaa 10,934 galmeessuun filannoo imaammataa isaanii karaa miidiyaalee bal’inaan ummataaf beeksisaa jiru. Dhaabbileen biyya keessaa 55 Boordii Filannoo Biyyaalessaatiin beekamtii argatan filannoo kana taajjabuuf eeyyama kan argatan yoo ta’u, bakka buutonni 60,277 ol immoo naannoo adda addaatti bobbaasamaniiru. Dhaabbileen waldaalee siivikii 169 barnoota filattotaa irratti beekamtii argatanis barnootaafi leenjii hubannoo uumuu adda addaa filattotaaf kennaa jiru. Akka dhaabbileen waldaalee siivikii yaada isaanii ENA’f kennan jedhanitti; lammiileen kaardii sagalee isaanii fudhatan mirga filachuu isaanii sirnaan akka itti fayyadamaniif barnoota hubannoo cimsu kennaa jiru. Pireezidaantiin Waldaa Dubartoota Finfinnee Innaataalam Indaalee jedhanitti filannoon biyyaalessaa mul’ata ijaarsa sirna dimokraatawaa ta’uu ibsaniiru. Miseensonni waldichaa kutaa magaalota hunda keessa jiran walakkaa miliyoonaa ol ta’an kaardii akka fudhatan kakaasuu eeruun, akkasumas adeemsa kana keessatti dammaqinaan akka hirmaatan hubachiisuu fi beeksisuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Akkasumas hanga adeemsi filannoo milkaa’inaan xumuramutti miseensonni waldichaa ga’ee ijaarsaa isaanii akka ba’ataniif waldichi ciminaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Pireezidaantiin Waldaa Dargaggoota Finfinnee obbo Barakat Birbirsaa akka jedhanitti dargaggoonni kaardii sagalee itti kennan akka fudhataniif hojiin bal’aan hojjetamaa turuu hubachiisaniiru. Ammas dargaggoonni kaardii sagalee isaanii paartii biyyaaf fayyadu akka filataniif hubannoo uumaa jiraachuu himani. Kanaafis waldichi taajjabdoota kuma 2 fi 228 ol bobbaasuun dabalatatti hawaasa hubachiisuu fi odeennoo kennuun hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Waldaaleen kunneen filannoo waliigalaa torbaffaa milkiin akka xumuramuuf lammiin kamiyyuu itti gaafatamummaa isaa bahuu akka qabu ergaa dabarsaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Hariiroo seena qabeessa Itiyoophiyaa fi Ameerikaa gara sadarkaa olaanaatti kan guddise hojiin dippiloomaasii milkaa’aa hojjetameera
May 21, 2026 869
Caamsaa 13/2018 (ENA): Hariiroo seena qabeessa Itiyoophiyaa fi Ameerikaa gara sadarkaa olaanaatti kan guddise hojiin dippiloomaasii milkaa’aa hojjetameera jedhan Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoo. Hariiroon biyyoota lamaanii fi biyyoota hedduu Itiyoophiyaa gara marsaa olaanaatti akka tarkaanfatu kan dandeessise hojiin dippilomaasii milkaa’aan hojjetamuusaas ibsaniiru.   Dubbi himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoo taateewwan gurguddoo waltajjiiwwan dippilomaasii biyyoota lamaanii fi biyyoota hedduu irratti raawwataman irratti ibsa Miidiyaaleef kennaniiru. Ibsa kennaniin, torbee darbe waltajjiiwwan dippilomaasii biyyoota lamaanii fi biyyoota hedduu irratti hojjetamee tumsa, walta’iinsaa fi carraa invastimantii Itiyoophiyaa mirkaneesse ta’uu ibsaniiru. Waltajjiiwwan qunnamtii biyyoota lamaanii fi biyyoota hedduunis hirmaannaa dippilomaasii cimaa fi dammaqina qabeessa ta’e akka dandeessisan yaadachiisaniiru. Fakkeenyaaf, walii galteen biyyoota lamaanii Itiyoophiyaa fi Ameerikaa gidduutti taasifameen michummaa seena qabeessaa fi cimaan biyyoota lamaanii waggoota 120 oliif kan turee fi dhaabbataa taasisuu isaa dubbataniiru. Waltajjiin marii caasaa biyyoota lamaanii fi waliigalteen biyyoota gidduutti taasifames hariiroo dippilomaasii cimsuu fi hariiroo naannoo fi idil-addunyaa cimsuu isaa ibsaniiru. Waliigalteen biyyoota lamaanii kun tumsa daldalaa fi invastimantii, nageenyaa fi ittisa biyyootaa sadarkaa haaraatti ceesisuun badhaadhina diinagdee waliinii mirkaneessuu irratti kan xiyyeeffate ta’uus hubachiisaniiru. Mariin dippilomaasii hoggantoota olaanoo mootummaa Itiyoophiyaa fi Ameerikaatiin gaggeeffame michummaa seenaa gara walta’iinsa guddaatti jijjiiruu keessatti hiika guddaa akka qabu ibsaniiru. Waltajjiiwwan biyyoota lamaanii irrattis fakkeenya guddina diinagdee fi badhaadhina Itiyoophiyaa fi haala ji’oo-siyaasaa Gaanfa Afrikaa irrattis mari’achuu ibsaniiru. Pireezidaantiin Faransaay Imaanu’eel Maakiroon daawwannaa hojiif Itiyoophiyaatti taasisanis waliigalteewwan tumsaa michummaa seena qabeessa biyyoota lamaanii daran cimsan mallatteessuun isaanii ni yaadatama. Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii waggaa 80ffaa hundeeffama Itiyoophiyaa, ergama nagaa eegsisuu milkaa’aa fi seenaa waliin qabdu yaadachuuf ashaaraa addaa kaa’uu isaa eeraniiru. Itiyoophiyaan tumsa dippilomaasii biyyoota hedduu fi walitti dhufeenya seenaa qabduuf kutannoo qabaachuu isheetiif ragaadha jedhan. Walgahii Ministiroota Dhimma Alaa ‘BRICS’ Hinditti gaggeeffame irrattis Itiyoophiyaan sirni biyyoota hunda tajaajilu haqaan akka diriiru ejjennoo qabdu ibsiteetti. Walgahii ‘BRICS’ kanaan alattis hariiroo biyyoota lamaanii cimsuuf biyyoota miseensa ta’an waliin marii bu’a qabeessa ta’e gaggeessuu isaanii ibsaniiru. Dippilomaasii lammiilee giddu galeessa godhateen nageenya lammiilee Itiyoophiyaa Afrikaa Kibbaa fi Sa’uudii Arabiyaa keessa jiraatan mirkaneessuuf mariin gaggeeffamaa akka tures eeraniiru. Itiyoophiyaan abbummaa haqa qabeessa, seera qabeessa, teessuma lafaa fi seenaa Buufata galaanaa kanarratti qabdu irratti hubannoo uumuuf tattaaffiin dippilomaasii taasifamu cimee itti fufuus mirkaneessaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Paartichi Hojiiwwan Fayyadamummaa Uummataa Mirkaneessan hojjeteera
May 20, 2026 1317
Caamsaa 12/2018(ENA): Paartiin Badhaadhinaa naannoo Oromiyaatti dameewwan Qonnaa, Industirii, Tajaajilaa fi kanneen birootiin hojiiwwan fayyadamummaa uummataa guddisan raawwachuusaa Itti-anaan Pireezidanti Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdii ibsan. Paartiin Badhaadhinaa Godina Shawaa Lixaa fi Bulchiinsa Magaalaa Ambootti duula nafiladhaa gaggeesseera.   Sirna duula nafiladhaa kana irratti kan argaman Itti Aanaan Pireezidantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdii akka ibsanitti, Paartiin Badhaadhinaa waggoottan darban keessa hojiiwwan misoomaa jireenya uummataa fooyyessan raawwateera jedhaniiru. Dabalataanis, fayyadamummaa haqa qabeessa lammiilee mirkaneessuuf hojii hojjetameen bu'aan hundagaleessi argamaa jiraachuu dubbataniiru. Keessattuu naannoo Oromiyaatti dameewwan qonnaa, industirii, tajaajilaa fi kanneen birootiin hojiiwwan fayyadamtummaa uummataa guddisuu danda'an hedduun raawwatamuu isaanii eeraniiru. Paartichi misooma hawaas-dinagdee mirkaneessuun, haqni, wal-qixxummaanii fi tokkummaan dimokiraasii akka guddatu akkasumas waliin jireenyi akka cimu hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Bulchaa olaanaan Godina Shawaa Lixaa obbo Diidhaa Guddataa akka ibsanitti; Badhaadhinni paartii jijjiirama hawaas-dinagdee mandhaalee qabatee ka'eedha jedhaniiru. Godinichatti waggoottan jijjiiramaa darban keessa inisheetivoota misoomaa mootummaan naannichaa qopheesseen hojiiwwan bal'aan fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessan hojjetamuu isaanii dubbataniiru. Waggoottan jijjiiramaa darban keessa Amboo dabalatee magaalaawwan biroo keessattis sadarkaa jireenya lammiilee fooyyessuuf hojiin bal'aan hojjetamuu kan ibsan immoo Kantiibaa Magaalaa Amboo obbo Haacaaluu Gammachuuti. Paartichi hojiiwwan misoomaa qabatamaa qonna magaalaa fi dameewwan biroo keessatti qulqullinaan hojjechuusaa addeessaniiru.
Dhaabbileen Siivikii filannoo waliigalaa 7ffaa keessatti qooda hordoffii fi deeggarsaa qaban cimsanii itti fufuu qabu
May 20, 2026 1050
Caamsaa12/2018(ENA): Dhaabbileen siivikii filannoo waliigalaa torbaffaa keessatti gahee hordoffii fi deeggarsaa qaban cimsaanii itti fufuu akka qaban Itti Aanaan Daarektara Ol’aanaa Abbaa Taayitaa Dhaabbilee Hawaasa Siivikii Itiyoophiyaa Fasiikaaw Mollaa hubachiisan. Waltajjii marii ENA fi Abbaa Taayitaa Dhaabbilee Hawaasa Siivilii Itiyoophiyaa waliin ta'uun mata-duree “Gahee Miidiyaalee Milkaa'ina Filannoo Dimokiraasii Keessatti” jedhuun waliin qopheessan magaalaa Adaamaatti gaggeessaa jiru. Waltajjiin kun filannoo dimokiraasii fi haqa qabeessa ta’e gaggeessuun itti gaafatamummaa qaama dhimmi ilaallatu hundaa ta’uusaa hubachiisuuf kan qophaa’eedha. Marii kanarratti Ministira Tajaajila komunikeeshinii Mootummaa Innaataalam Mallas, De’eetaa Ministira Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa Tasfaahun Gobazaay, hojii raawwachiisaa olaanaa ENA Sayifee Darribee, itti aanaa dariktara Abbaa Taayitaa Dhaabbilee hawaasa siivilii Itiyoophiyaa Faasikaaw Mollaa, gaggeessitoonni Abbaa Taayitaa Miidiyaalee,hoggantoonni miidiyaalee fi gaazexeessitoonni hirmaataniiru. Waltajjicharratti,Itti Aanaan Daarektera Olaanaa Dhaabbilee Hawaasa siivikii Fasiikaaw Mollaa akka jedhanitti hawaasni siivikii filannoo walii galaa 7ffaa keessatti gahee hordoffii fi deeggarsaa qaban cimsuu akka qaban hubachiisaniiru. Filannoo dimokiraasii fi haqa qabeessa ta’e gaggeessuun dirqama waliinii ta’uu eeranii, gaheen dhaabbilee siivikiis baay'ee murteessaa ta'uu kaasaniiru. Gaheen dhaabbilee siivikii yeroo filannoo taajjabdummaa qofa osoo hin ta’iin, lammiileen ijaara sirna dimokiraasiitiif itti gaafatamummaa fi abbummaadhaan akka dhaabbatan gochuu keessatti itti gaafatamummaa guddaa qabu jedhaniiru. Kanaanis, dhaabbileen kun lammiileen waa’ee barbaachisummaa filannoo irratti hubannoo gahaa akka argatan gochuu keessatti gaheen isaanii ol’aanaa ta’uu ibsaniiru. Hawaasni adeemsa filannichaa keessatti hirmaannaa ho’aa akka ta’u dandeessisuurratti xiyyeeffatanii hojjachaa akka turan eeranii, tattaaffii isaanii kana cimsuun itti fufuu akka qabanis dubbataniiru. Gama biraatiin, itti aanaan Daarektera Ol’aanaa Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Itiyoophiyaa obbo Gizawuu Tasfaayee, miidiyaaleen gabaasa filannoo ilaalchisee hojjatan seera hordofanii hojjachaa jiraachuu isaanii hordofamaa akka jiru ibsaniiru. Miidiyaaleen kakaasii fi yeroo beeksisa bilisaa paartilee siyaasaatiif ramadame fayyadamuu irratti rakkoon akka hin uumamne dubbataniiru. Miidiyaaleen yeroo filannootti ijaarsa nageenyaa irratti akka xiyyeeffatan abbaan taayitichaa hojjachaa akka turee fi cimsee kan itti fufu ta'uu mirkaneessaniiru. Yeroo filannootti naamusni eegamuu qabu akka kabajamu; hojiiwwan hojjatamaa jiranii fi qaamolee dhimmi ilaallatuuf hojiin dandeettii raawwachiisummaa cimsuu hojjatameera jedhaniiru. Miidiyaaleen sagantaa Boordiin Filannoo Biyaalessaa baase bu’uura godhachuun gabaasaalee adda addaa filannoo ilaalchisan uummataaf dhaqqabamaa gochaa turuu isaanii eeranii, kanaanis ijaarsa sirna dimokiraasiitiif gahee isaanii ba’achaa turaniiru jedhaniiru. Xumura irratti, hirmaattota paanalichaa irraa gahee miidiyaalee fi dhaabbilee hawaasa siivikii yeroo filannoo ilaalchisee yaadonnii fi gaaffileen kan ka'an yoo ta'u, mariisistootaan deebii fi ibsi irratti kennameera.
Pirojektoota misoomaa fayyadamummaa lammiilee mirkaneessan bu’uura kaa’uun cimee itti fufa
May 20, 2026 1005
Caamsaa 12/2018 (ENA): Paartiin Badhaadhinaa bu’uura fayyadamummaa lammiilee kaa’uuf tattaaffii taasisaa jiru itti fufa jedhan Hogganaan Damee Siyaasaa Waajjira Damee Mootummaa Naannoo Oromiyaa Paartii Badhaadhinaa obbo Namarraa Bulii. Duulli filannoo paartichaa Godina Iluu Abbaa Booraa Aanaa Haluutti bakka hooggantoonni naannoo fi godinaa argamaniiru gaggeeffameera.   Duula filannoo kanarratti hirmaattotaaf haasawa kan taasisan Itti Gaafatamaan Damee Siyaasaa Paartii Badhaadhinaa Oromiyaa obbo Namarraa Bulii, Paartiin Badhaadhinaa waggoota darban keessatti pirojektoota fayyadamummaa lammiilee fi guddina biyyaa mirkaneessu caalaatti cimsuuf kutannoo akka qabu ibsaniiru. Paartichi pirojektoota misooma magaalaa fi baadiyyaa fayyadamummaa ummataa mirkaneessu raawwachuudhaan gama bulchiinsaatiin hawaasa walitti dhiyeenyaa fi haqaan tajaajiluuf ciminaan kan hojjatu ta’uu ibsaniiru. Itti dabaluunis lammiileen hiyyummaa jalaa bilisa ta’anii jireenya fooyya’aa akka jiraataniifi nageenyi waliigalaa isaanii akka mirkanaa’uuf ciminaan kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru. Lammiilee aadaa hojii isaanii naannicha keessatti fooyyessanii fi fayyadamummaa ofii fi badhaadhina biyyaa mirkaneessuuf kutannoo qaban oomishuun biyyi keenya mallattoo badhaadhina akka taatu ciminaan hojjachuu itti fufa jechuun ibsaniiru obbo Namarraan.   Bulchaan Olaanaan Godina Iluu Abbaa Booraa obbo Indaalkachoo Tafarii akka ibsanitti, Paartiin Badhaadhinaa waggoota darban keessatti hojiiwwan bal’aa Godinicha keessatti hojjetee fayyadamummaa waliigalaa lammiilee mirkaneessu cimsee itti fufa jedhaniiru. Akkasumas, yaada ida’amuutiin qajeelfamuun guddinaa fi badhaadhina Godinichaa mirkaneessuuf hojii isaa cimsee kan itti fufu ta’uu ibsaniiru. Sagantaan sagalee kennuu filannoo waliigalaa 7ffaa Caamsaa 24, 2018 akka gaggeeffamu beekamaadha. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA

Hawaasummaa
Dhiibbaa uumaan miidiyaa Hawaasaa beekamaan Diilaan peej Harariin daawwachuuf qophaa’uusaa fi Magaala seenaa qabeettii kana Addunyaatti beeksisuuf carraa gaariidha
May 22, 2026 494
Caamsaa 14/2018(ENA): Dhiibbaa uumaan miidiyaa Hawaasummaa beekamaan Diilaan Peeji daawwannaa Hararitti taasisuf qophaa’uun isaa, magaalaa seena qabeessa kana addunyaatti caalaatti beeksisuuf carraa gaarii akka tahe Biiroon Aadaa, Turizmii fi Hambaa Naannoo Hararii beeksise. Qabeenya seenaa fi aadaa bal’aa Itiyoophiyaa keessa jiran ummata addunyaatiin gahuuf, Diilaan Peeji jalqaba daawwannaa isaa Finfinneetti egaleera. Itti aansuunis gara magaalaa miidhagduu fi seena qabeettii Harar imaluun daawwannaa gochuuf qophaa’uu isaa ifa godheera. Dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasummaa addunyaarratti beekamoo ta’an keessaa tokko kan ta’e lammiin Ingiiliz Diilaan Peeji, daawwannaa Harar keessatti taasisuun keessattuu waraabessa nyaachisuuf hawwiin eeggachaan jira jedheera. Dhimma kanaan walqabatsee ENA’n kan haasofsiise Hogganaan Biiroo Aadaa, Turizmii fi Hambaa Naannoo Hararii Obbo Tawalladaa Abdoosh Harar xiyyeeffannoo daawwattoota biyya keessaa fi alaa caalaatti harkisaa dhufuu ishee dubbataniiru. Magaalaan Harar miidhagina misooma kooriidariitiin argatte dabalatee magaalaa baay'ee hawwattuu ta'uu ishee kaasanii, kanaanis xiyyeeffannoo daawwattootaa caalaatti argachaa jirti jedhaniiru. Dhiibbaa uumaan miidiyaa hawaasummaa sadarkaa addunyaatti beekamaa ta’e Diilaan Peeji Harar daawwachuuf qophaa’uun isaa, magaalaa seena qabeessa kana addunyaatti beeksisuuf carraa gaarii ta’uu isaa ibsaniiru. Turtii isaatiin magaalaa keessa naanna’uun iddoowwan hawwata turizmii adda addaa kan daawwatu ta’uu fi agarsiisa waraabessa nyaachisuu kan namoonni baay'een arguuf hawwan akka daawwatu ibsuun, keessummaa kanaan simannaa gaariidhaan akka simatan dubbataniiru. Hordoftoota miliyoona 19 ol kan qabu Diilaan Peeji, daawwannaan isaa Jagool ishee hambaa addunyaa taate dabalatee, naannichatti iddoowwan hambaa seenaa durii, amantii fi hawwata Turizmii biroo addunyaatti caalaatti beeksisuuf carraa gaarii akka ta’u hogganaan kun eeraniiru.
Barruun Nagaarii mata duree “Kan injifatu Itiyoophiyaa dha'' dhimma jedhuun dubbisaaf geesseetti
May 22, 2026 305
Caamsaa 14/2018(ENA): Barruun Nagaarii mata duree guddaa "Kan injifatu Itiyoophiyaa dha" jedhuun, dhimmoota biyyaalessaa fi addunyaa murteessoo ta'an qabachuun dubbistootaaf qophaa'ee dhiyaateera. ENA tiin baatii lama lamaan kan maxxanfamtu barruun "Nagaarii", barruu ishee waggaa 8ffaa lakkoofsa 33ffaan filannoo waliigalaa 7ffaa dhimma ijoo taasifachuun, mata duree "Itiyoophiyaan ishee Mo'attu dha" jedhuun xiinxala bal'aa dhiyessitee jirti. Barruun kun seenaa filannoo Itiyoophiyaa kaleessaa hanga har'aa, adeemsa filannoo waliigalaa 7ffaa, akkasumas qophaa'ummaa guutuu paartilee dorgomtootaa hanga dhaabbilee filannootti jiru sakatta'iinsa ariifataadhaan ni dhiyeessiti. Itiyoophiyaan yeroo ammaa kana boqonnaa murteessaa irra akka jirtus bal'inaan xiinxalteetti. Filannoon waliigalaa 7ffaan Caamsaa 24 bara 2018 A.L.I gaggeeffamu, imala Itiyoophiyaan ijaarsa sirna demokiraasii keessatti eegalteef boqonnaa murteessaa akka ta'e dubbistootaaf qopheessitee dhiyeessiteetti. Gama biraatiin, barruu kana keessatti sagantaa ce’umsa dijitaalaa Itiyoophiyaa, raawwii bara 2025 irraa kaasee hanga galmoota tarsiimoo Dijitaalaa 2030tti, sagantaa misooma biyyaalessaa waliin walitti hidhuun bal’inaan xiinxalameera. Waltajjii hoggantoota Afrikaa 39ffaa galmoota Ajandaa 2063 waliin walbira qabuun sakatta'uudhaan, dhimmoota ijoo irratti xiyyeeffatteetti. Itiyoophiyaa fi hojiirra oolmaa waliigaltee naannoo daldala bilisaa Afrikaa sakatta'uun, kaayyoo fi faayidaa waliigaltichaas bal’inaan dhiyeessiteetti. Qabiyyee ishee murteessoo Mandhaaleerratti xiyyeeffatte keessaa sirna Aadaa waldhabdee Itiyoophiyaanonni itti furatan mata duree “Daandii Araaraa” jedhuun dubbistootaaf dhiyeessiteetti. Itiyoophiyaa irraa kaasee hanga addunyaatti abjuuwwan, yaaliiwwan, milkaa'ina, ammayyummaa teeknooloojii yeroo ammaa fi fedhii biyya keenyaa kan saayinsii hawaa fi 'GEOSPATIAL' eessaa gara eessatti akka deemaa jiru gadi fageenyaan xiinxalteetti. Qabeenyi Tuurizimii Uumamaa fi nam-tolcheen badhaadhina Itiyoophiyaati. Qabeenyi tuurizimii fi miidhaginni Itiyoophiyaa waggoottan dheeraaf dhokatee turee fi erga jijjiiramaa as mul'achuu jalqabes dhimma biraa kan barruun Nagaarii irratti xiyyeeffate dha. Barruun kun mata duree "Wiirtuu Daangaa Hin Qabne" jedhuun, sadarkaa ga'umsa yaalaa biyya keenyaa fi dhimmoota furtuu ta'an, dhaabbata yaalaa beekamaa tokko akka fakkeenyaatti fudhachuun bal'inaan irratti ibsiteetti. Nagaariin dhimmoota Hawaasummaa, Dinagdee fi Siyaasaa biroos gadi fageenyaan xiinxaluun dubbistoota isheetiif "Kunoo" jetteetti.
Itiyoophiyaan dhukkuboota weeraraa adda baasuu fi dandeettii isheetiin kennuu ijaaraa jirti
May 22, 2026 234
Caamsaa 14/2018 (ENA): Itiyoophiyaan dandeettii dhukkuboota weerara adda baasuu fi deebii kennuu ofii isheetiin ijaaraa jirti jedhan De’eetaan Ministira Ministeera Fayyaa Doktar Darajjee Dhugumaa. Doktar Darajjee Dhugumaan ENAtti akka himanitti; Itiyoophiyaan tarkaanfiiwwan imaammataa fi haaromsa milkaa’oo ta’an fudhachuun dhaabbilee fayyaa ammayyeessuun dandeettii ittisaa fi wal’aansa dhukkubootaa cimsuu dandeessiseera jedhani. Kunis dhaabbilee fayyaaf galteewwan yaalaa kennuudhaan qulqullinaa fi dhaqqabummaa tajaajilaa cimsuu akka danda’an haala uumeera jechuun ibsaniiru. Yeroo weerara ‘Covid-19’ muuxannoon gaariin irraa baratameera jedhani;kunis hanqina qorannoo saamudaa mudate, qaawwi kuusaa oksijiinii fi hospitaalota keessatti kutaaleen yaala cimaa dhabamuu dabalatee barumsi barbaachisaan argameera jedhan. Itiyoophiyaan dhukkuboota weeraraa ofumaan adda baasuu fi deebii kennuu dandeetti cimsuuf hojjetamaa akka ture hubachiisaniiru. Akka fakkeenyaatti, Itiyoophiyaan warshaalee oomisha oksijiinii 3 qabdu ture gara 83tti guddisuun, wayita ammaa kiiloo meetira 50 keessatti yaalamtoonni fayyadamuu akka danda’an haalli uumamuu ibsaniiru. Kanaan dura Hospitaalonni kutaa ciisicha yaala cimaa qaban 70 akka hin caalle yaadachiisuun, yeroo ammaa hospitaalota akkasii gara 198tti guddisuu danda’ameera jedhani. Walumaagalatti tarkaanfiiwwan riifoormii bu’a qabeessa damee fayyaa irratti fudhataman Itiyoophiyaan dandeettii dhukkuboota weeraraa ofumaan adda baasuu fi deebii kennuuf qabdu cimsuu dandeessisaa jiru jedhan. Weerara ‘Marburg’ dhiheenya kana mudate guutummaatti adda baasuu fi ittisuuf hojiin bu’a qabeessa ta’e hojjetamuu ibsaniiru. Dhibee busaa fi dhibeewwan biroo jijjiirama waqtii irraan kan ka’e akka hin babal’anneef sirna hordoffii fi to’annoo dhukkuboota diriirsuus eeraniiru. Hojiin hordoffii bu’a qabeessa ta’e hawaasa waliin ta’uun ogeessota gahumsaa fi ogummaa qaban bobbaasuun tatamsa’ina dhukkuboota barnootaa fi leenjiin ittisuu fi deebii hatattamaa kennuu danda’an bobbaasuun hojjetamaa jiraachuu eeraniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Diinagdee
Pirojektiin daandii filannoo Magaalaa Jigjigaa eebbifamee tajaajilaaf banaa ta’e
May 22, 2026 329
Caamsaa 14/2018 (ENA): Pirojektiin daandii filannoo Magaalaa Jigjigaa birrii miiliyoona 672 oliin hojjetame ifatti eebbifamee tajaajilaaf dhiyaateera. Eebba kanarratti Pireezidaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Somaalee Musxafee Mahaammad, Ministirri Misooma Magaalaa fi Bu'uuraalee misoomaa Aadde Caaltuu Saanii, Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Daandiiwwan Itiyoophiyaa obbo Mahaammad Abdu’ahimad, Hogganaa Biiroo Daandiiwwan Naannichaa obbo Idiriis Musee fi kanneen biroo argamaniiru. Pireezidaantiin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Somaalee Musxafee Mahamamad Pirojektiin daandii filannoo Magaalaa Jigjigaa eebbifamee tajaajilaaf dhiyaate sochii daldalaa, diinagdee fi hawaasummaa magaalichaaf haala mijeessa jedhaniiru.   Daandiin kun hawaasa fayyaduu qofa osoo hin taane bifa magaalattii jijjiiruuf gumaacha olaanaa akka qabus ibsaniiru. Hojiiwwan misoomaa hunda galeessa erga jijjiiramni dhufee hojjetaman dachaa lama guddisuun fayyadamummaa misoomaa ummataa daran cimsuuf naannichi ciminaan kan hojjatu ta’uu ibsaniiru. Ministirri Ministeera Misooma Magaalaa fi Bu’uuraalee misoomaa Aadde Caaltuu Saanii gama isaaniitiin, Pirojektiin Daandii Filannoo Magaalaa Jigjigaa misoomaa fi guddina Magaalaa Jigjigaa saffisiisuu keessatti iddoo guddaa qaba jedhan.   Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Daandiiwwan Itiyoophiyaa obbo Mahaammad Abdurahman, bulchiinsi karoora bu’uuraalee daandii biyyaalessaa galmaan ga’uuf hojjechaa jiraachuu eeruun, Pirojektiin Daandii Filannoo Magaalaa Jigjigaas qaama isaa ta’uu ibsaniiru. Pirojektiin daandii Bulchiinsa Daandiiwwan Itiyoophiyaan hojiirra oolche Dhaabbata Ijaarsa Daandii Yirgaleemiin akka ijaarames ibsameera.   Pirojektiin daandii kun kiiloo meetira 7.3 kan uwwisu yoo ta’u, bal’inni isaa meetira 30 akka ta’e gabaasni dhaabbata miidiyaa naannichaa ni mul’isa. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Hojii Misooma koriidaraa Jagooliin deebisanii Misoomsuun hojjetameen Magaalaa Harar bakka gahumsa Turistootaa filatamtuu taasiseera.
May 22, 2026 234
Caamsaa 14/2018(ENA): Misoomni koriidaraa haaromsa Jagool keessatti hojjetame magaalittiin bakka filatamaa akka taatu gochuu bira darbee, jiraattotaafis mijattuu akka taatu gochusaa Biiroon Aadaa,Hambaa fi Tuurizimii Naannoo Hararii beeksiseera. Naannichatti waggoottan darban keessa hambaa Idil-Addunyaa Jagool keessatti hojiin misooma koriidaraa kiilomeetira 22 ol hojjetamuu isaa biirichi ibseera.   Biiroon Aadaa,Hambaa fi Tuurizimii Naannichaatti daarektarri Hambaa Injiinar Amiir Ramadaan, hojii misooma koriidaraa waggoottan darban keessa Hambaa Idil Addunyaa Jagool keessatti raawwataman ilaalchisee ibsa kennaniiru. Ibsa isaaniitiinis, naannichatti waggoottan darban keessatti Hambaawwan misoomsuunii fi kunuunsuun fayyadamummaa damee kanaan argamu guddisuuf hojiileen bal’aan hojjetamaa turaniiru. Hojiiwwan raawwataman keessaa qabeenyoota Hambaa fi seenaa durii jaarraa hedduu lakkoofsisan daawwattootaaf mijataa fi hawwataa gochuuf hojiilee bu’a-qabeessan hojjetaman akka fakkeenyaatti eeraniiru. Naannichatti qabeenyoota hambaa jiran eeguu fi misoomsuun hojiileen hojjetaman Harar hawwata tuurizimii filatamaa akka taatu kan taasisanii fi yaa'iinsi tuuristoota biyya keessaa fi alaa dabaluun galiin akka dabaluuf gumaacha guddaa gochuu isaa dubbataniiru. Uummata naannichaa hirmaachisuun, baajata mootummaa irraa tokkollee osoo hin ramadamiin, daandiiwwan keessoo kiilomeetira 22 ol misoomsuun danda'ameera. Kana malees, naannoo marsaa dallaa Jagool kiilomeetira 3.4 uwwisu irratti hojiin deebisanii misoomsuu fi magariisaan miidhagsuun dhugoomsuun danda’ameera jedhan. Kanaanis lammiilee kuma 7 ol ta'aniif carraan hojii uumamuu isaa Injiinar Amiir dubbataniiru. Hojiiwwan qabeenyaa fi beekumsa naannoo irratti hundaa'anii hojjetaman kanaan, haala fi seena-qabeessummaa qabeenya hambaa sanaa miidhagaa gochuun akka danda'ame ibsaniiru. Hojii kanaan uummatni baadiyaa fi magaalaa, dhaabbileen, akkasumas maatiiwwan diyaaspooraa miira "kan kooti" jedhuun hirmaachuu isaanii eeraniiru. Gara fuulduraattis hojiileen eegumsaa fi kunuunsa qabeenya hambaa Idil- addunyaa Jagool cimee akka itti fufu ibsaniiru.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Lakkooftuuwwan sirna ammayyaa ( ismaartii) fi iftoomina qabu hojiirra oolchuun qisaasama anniisaa hir’isuun danda’ameera
May 20, 2026 711
Caamsaa 12/2018 (ENA): Tajaajilli Humna Ibsaa Itiyoophiyaa Lakkooftuuwwan sirna ammayyaa ( ismaartii) fi iftoomina qabu hojiirra oolchuun qisaasama anniisaa hir’isuun danda’ameera jedhe. Tajaajilichatti Daarektarri Sagantaa Raabsaa fi Otoomaashinii Tasfaayee Hirphaa ENAtti akka himanitti, Tajaajilichi tajaajila ibsaa amanamaa, jijjiiramaa fi dhaqqabamaa ta’e kennuudhaaf lakkooftuu ammayyaa( ismaartii ) dabalatee hojiiwwan adda addaa hojiirra oolchaa jira jedhani. Kanaafis lakkooftuuwwan ismaartii kuma 500 kan bitame yoo ta’u, akka biyyaatti lakkooftuu kuma 160 dhaabamuu ibsaniiru. Lakkooftuuwwan ismaartii kaa’aman keessaa kuma 140 marsaa tokkoo yoo ta’u, kanneen hafan ammoo marsaa sadii ta’uu ibsuun; kunis cimee itti fufa jedhaniiru. Tajaajila kana daran babal’isuuf lakkooftuuwwan ammayyaa 300,000 biyyattii keessatti hojiirra kan oolu ta’uu ibsaniiru. Lakkooftuuwwan ismaartii teeknooloojiiwwan maamiltoonni rakkoo tokko malee kaffaltii akka raawwatan taasisu ta’uu himaniiru. Fayyadamtoonni anniisaa hangamii akka fayyadaman akka hubatan kan gargaaran yoo ta’u, fayyadama anniisaa isaanii hubachuu fi itti fayyadama hin barbaachifne hir’isuun anniisaa qusachuu akka danda’an dubbataniiru. Komii maamiltootaa lakkooftuu waliin walqabatanii fi itti fayyadama anniisaa waliin walqabatee ka’u guutummaatti kan dhabamsiisu ta’uu ibsuun; dhaabbatichi odeeffannoo itti fayyadama anniisaa irratti harkifannaa fi dogoggora dubbisuu irraa kan ka’e maallaqa akka hin dhabne kan taasisu ta’uu ibsaniiru. Lakkooftuuwwan ismaartii gosa hanna lakkooftuu kamiyyuu ykn hayyama malee seenuu kallattiin kutaa to’annoo giddugaleessaatti gabaasuuf dandeettii akka qaban himaniiru. Tajaajilli kun ciccitiinsa ibsaa ittisuuf hojii eegalame keessatti akka gargaaru eeranii; lakkooftuun kun yeroo humni ibsaa guddaan addaan citu balaa akka hin mudanneef sirna humna cufuu danda'u akka qabu eeraniiru. Riijinii Finfinnee Bahaatti Giddugala Tajaajila Elektirikii Lakkoofsa Saddeetitti hojiigaggeessaa kan ta’an Dirribaa Abdiisaa akka himanitti; Giddugalichi jiraattotaa fi maamiltootaaf lakkooftuu ammayyaa(ismaartii) abbaa feezii tokkoo fi sadii dhaabaa jira jedhani. Teeknooloojiin lakkooftuu ammayyaa ( ismaartii) haaraa ta’uu ibsuun; Tajaajila kana ilaalchisee hojiin hubannoo uumuu bal’aan hawaasaaf hojjetamaa jira jedhani. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Milkaa’ina Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030’f hojii misooma humna namaa fi kalaqaa ni cimsina
May 20, 2026 441
Caamsaa 12/2018 (ENA): Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 galmaan ga’uuf hojii misooma humna namaa fi kalaqaa damichaa cimsuu itti fufna jedhan Pireezidaantonni Yuunivarsiitii ENA waliin turtii taasisan. Tarsiimoon Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 Muddee 2018 Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ifoomsuun isaanii ni yaadatama. Tarsiimoon kun waggoota shanan dhufan keessatti networkii dhaloota 5ffaa (5G) guutummaatti argachuu, eenyummaa dijitaalaa babal’isuu fi ogummaa dijitaalaa lammiilee leenjisuu irratti kan xiyyeeffatedha. Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 keessatti dhaabbileen barnoota olaanoo ce’umsaa fi kalaqa teeknooloojii saffisiisuun dandeettii dijitaalaa lammiilee guddisuu keessatti gahee qabu. Akka pirezidaantonni yunivarsiitii EZA’n turtii waliin taasise ibsanitti, Dijiitaalaayizeeshiniif haala mijeessuufi galmoota Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 galmaan gahuuf misooma humna namaa irratti hojjachaa jiru. Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Jimmaa Dr. Jamaal Abbaafiixaa tarsiimoon Dijitaalaa Itiyoophiyaa bara 2025 hojiirra oole yunivarsiitichaaf haala mijataa uumeera jedhan. Yuunivarsiitichi Ministeera Barnootaa waliin ta’uun barnoota teeknooloojiin deeggaramee fi sirna dijitaalaa qindeessuun hojjechaa jira. Yuunivarsitichi hojiirra oolmaa dijitaalaayizeeshinii haala mijeessuuf misooma humna namaa irratti hojjachaa jiraachuu ibsaniiru. Giddugala misooma kalaqa yunivarsiitichaa keessatti hojiiwwan kalaqaa hubannoo namtolchee irratti xiyyeeffatan hojjetamaa akka jiran himaniiru. Yuunivarsiitichi bu’a qabeessummaa Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 keessatti gahee isaa bahaa jira jedhan. Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Gondar Dr. Asraat Atsadawayin gama isaaniitiin akka himanitti, bu’a qabeessummaa hojiirra oolmaa tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2025 keessatti yunivarsiitichi gahee isaa ba’eera. Yuunivarsitichi hojiirra oolmaa Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 haala mijeessuuf misooma humna namaa irratti hojjachaa jiraachuu ibsuun, sagantaalee barnootaa Nageenya Saayibarii hubannoo namtolchee (Artificial Intelligence) barsiisuu eegaluusaa ibsaniiru. Sagantaa barnootaa jijjiirama dijitaalaa waliin walqabatu banuuf hojjetamaa akka jirus akeekaniiru. Yuunivarsiitii Hawaasaatti itti aanaan pireezidaantii qorannoo fi walta’iinsaa Dr. Taaffasaa Maatiyoos akka ibsanitti, yuunivarsiitichi galma koodaroota miiliyoona 5 oomishuuf galma ga’uuf gahee isaa bahaa jira jedhani. Yuunivarsiitichi hojii isaa irra caalaa isaa dijiitaala gochuu ibsuun, itti dabaluunis yunivarsitichi tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 galmaan ga’uuf kutannoon hojjechaa jira jedhan. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Ispoortii
Liigicha dursaa kan jiru Arsenaal Weestihaam Yunaayitid waliin wal morkatu
May 10, 2026 1462
Caamsaa 2/2018 (ENA): Tapha Piriimiyerliigii Ingiliiz torbee 36ffaa irratti Arsenaal Weestihaam Yunaayitid waliin taphatan har’a ni eegama. Taphichi galgala sa'aatii 12:30 irratti Istaadiyeemii Landanitti kan gaggeeffamu ta'a.   Weestihaam Yunaayitid qabxii 36’n sadarkaa 18ffaa irratti kan argamu yoo ta'u, naannoo gadi aanaa keessa jira. Arsenaal qabxii 76’n liigicha dursaa jira. Weestihaam torbee 35ffaa irratti Bireenfoordiin 3 fi 0’n mo'amee gara naannoo gadi bu'iinsaatti kan seene Weestihaam, taphni har'aa liigicha keessa turuuf falmii taasisaa jiru keessatti baay'ee murteessaadha. Carraa ofumaa waancaa kaasuu kan qabu Arsenaal yoo injifate gara ulfina isaatti ni dhihaata. Garaagarummaan qabxii Maanchistar Siitii waliin qaban gara shaniitti akka guddisu isaan dandeessisa. Tapha biraatiin ammoo Barniley sa'aatii 10:00 irratti istaadiyeemii Tarfi Muur irratti Aston Viilaa waliin taphata. Liigichaan kan gadi bu'e Barnileey qabxii 20’n sadarkaa 19ffaa irratti argama. Morkataan isaa Aston Viilaan qabxii 58’n sadarkaa 5ffaa irra jira. Aston Viilaan yoo injifate gara Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaatti akka dhihaatu taasisa. Sadarkaa 4ffaa Liivarpuul irraa fudhata. Notingiham Foresti sa'aatii 10:00 irratti istaadiyeemii Siitii Giraawundi irratti Niwukaastil Yunaayitid waliin taphata. Foresti qabxii 42’n liigichaan sadarkaa 16ffaa irratti argama. Niwukaastil Yunaayitid qabxii 45’n liigii kanaan sadarkaa 13ffaa irra jira. Foresti meedaa isaarratti yoo injifate carraa liigicha keessa turuu isaa daran guddisa. Torbee 35ffaa irratti Biraayitan 3 fi 1’n injifate Niwukaastil injifannoo walitti aansuun itti fufuuf taphata. Kiristaal Paalaas sa'aatii 10:00 irratti istaadiyeemii Selhuristi Parki irratti Everton waliin ni taphata. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Haala teessuma istaatistiksii fi bifa Itiyoophiyaa mataa ofiitiin ibsuun birmadummaa odeeffannootiif ragaadha.
May 20, 2026 705
Caamsaa 12 /2018 (ENA): Haala teessuma istaatistiksii fi bifa Itiyoophiyaa mataa ofiitiin ibsuun birmadummaa odeeffannootiif ragaadha jedhani Daarektarri Olaanaa Tajaajila Istaatistiksii Itiyoophiyaa Dr. Bakar Shaalee. Yaa’iin Biyyaalessaa mata duree “Birmadummaa Odeeffannoo Bilisummaa Imaammataaf” jedhuun qophaa’e bakka MM Dr. Abiyyi Ahimad fi hoggantoonni olaanoo mootummaa argamanitti gaggeeffameera. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad yeroo konfiraansii kana ifatti banan ergaa dabarsan keessatti odeeffannoon qabeenya tarsiimoo bara kanaa fi mootummaa cimaa ijaaruuf utubaa birmadummaa ijoo ta’uu dubbataniiru. Odeeffannoon qaamolee biyya biraa irratti hirkate hawwii biyyaalessaa keenya galmaan gahuu waan hin dandeenyeef; Daataa ofii walitti qabuu fi xiinxaluun birmadummaa imaammataa mirkaneessuuf qabeenya murteessaa ta’uu ibsaniiru. Daarektarri Olaanaa Tajaajila Istaatistiksii Itiyoophiyaa Dr. Bakar Shaalee ENAtti akka himanitti, dhaabbati isaanii ragaa istaatistiksii haala hawaasummaa fi dinagdee biyyattii sirritti calaqqisiisu maddisiisaa jira jedhani. Dhaabbatichi irra caalaa ragaa istaatistiksii ofiisaa maddisiisuudhaan akka bu’uura murteessitootni, karooraa fi tooftaalee misoomaatti fayyadamuu danda’an ta’uus eeraniiru. Haaromsi diinagdee erga jijjiiramni dhufee galmaa’ee fi saffisi dijiitaalaayizeeshinii biyyattii baay’ee kan nama dinqisiisu ta’uu hubachiisuun, guddinni waliigalaa Itiyoophiyaan agarsiisaa jirtu dandeettii misooma humna namaa fi dandeettii ogeessota ishee haalaan dabalaa akka jiru ibsaniiru. Yeroo ammaa guddinni hubannoo namtolchee biyyattii keessatti mul’achaa jiru sadarkaa biyyoonni Afriikaa biroo baratanii fakkeessuun danda’amu irra ga’uu ibsaniiru. Beekumsaa fi dandeettii teeknooloojii kana fayyadamuun fuula dhugaa biyyattii istaatiksii fi bifa ishee ibsuun birmadummaa odeeffannootiif ragaa ta’uus hubachiisaniiru. Yeroo ammaa gahumsi odeeffannoo funaanuufi xiinxaluu Tajaajila Istaatistiksii Itiyoophiyaa olaanaa ta’uu himaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Ashaaraa Magariisaa bara kanaaf hanga ammaatti biqiltuun biiliyoona 8.6 ol qophaa’eera – Ministeera Qonnaa
May 19, 2026 781
Caamsaa 11/2018 (ENA): Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaatiif hanga ammaatti biqiltuun biiliyoona 8.6 ol qophaa’uu Ministeerri Qonnaa beeksise. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa dhiibbaa jijjiirama qilleensaa hir’isuu fi wabii nyaataa mirkaneessuu keessatti faayidaa kallattii hedduu argamsiisaa jira. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa bara 2011 kaka’umsa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad tiin eegalame, gama biqiltoota biyya keessaa fi qabeenya uumamaa eeguu, dhiibbaa hamaa jijjiirama qilleensaa ittisuu fi wabii nyaataa lammiilee mirkaneessuun jijjiirama adda duree fideera. Waggoota torban darban keessatti hojiiwwan hojjetaman keessatti bu’aan jajjabeessaan galmaa’eera; sagantichaan biqiltuu biiliyoona 48 dhaabuun uwwisa magariisa biyyattii haalaan guddisuu danda’eera. Misoomni Ashaaraa Magariisaa Itiyoophiyaa kunuunsa qabeenya uumamaa bira darbee bu’aa hedduu kan fide yoo ta’u, jijjiirama qilleensaa hir’isuun gama diinagdee, hawaasummaa fi dippilomaasii biyyaalessaa fi idil-addunyaatiin bu’aa adda addaa Itiyoophiyaaf argamsiisaa jira. Sagantaa Ashaaraa Magariisaa torbaffaa bara kana gaggeeffamuuf akka biyyaatti qophiin bal’aan taasifamaa jira. Hojii Gaggeessaa Olaanaa Ministeera Qonnaa Kutaa Misooma, Kunuunsaa fi Itti Fayyadama Qabeenya Uumamaa obbo Faanosee Mokonnon turtii ENA waliin taasisaniin akka himanitti, waggoota torban darban keessatti hojiin Ashaaraa Magariisaa irratti hojjetamaa turee fi bu’aa jajjabeessaan galmaa’e kanaaf ragaa guddaadha jedhani. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa bara kanaa xumura marsaa lammaffaa ta’uu kan ibsan Hojii Gaggeessaa Olaanaan kun, muuxannoo hojiirra oolmaa Ashaaraa Magariisaa kanaan duraa irraa argame irratti hundaa’uun, karoorri bara kanaa lakkoofsaan ol’aanaa ta’uu ibsaniiru. Haaluma kanaan biqiltuuwwan biliyoona 8.5 dhaabuuf hojiin bal’aan hojjetamuusaa, yeroo ammaa kanas hojiin qophii dhaabbii kanaaf barbaachisu xumuramaa akka jiru eeruun, haala ikoloojii irratti hundaa’uun filannoon biqiltuu raawwatamuus eeraniiru. Hojiin boolla biqiltuu dhaabuuf qopheessuu yeroo ammaa bal’inaan hojjetamaa akka jirus hubachiisaniiru. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa amma lammiilee hedduu biratti aadaa ta’aa akka jiruu fi lakkoofsi hirmaattotaa yeroodhaa gara yerootti haalaan dabalaa akka jiru ibsaniiru. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa taatee guddaa biyyaalessaa tokkummaan qabatamaan itti mirkanaa’aa jiru waan ta’eef ummanni guutuun miira itti gaafatamummaa fi aantummaadhaan irratti hirmaachaa jira jedhan. Hojiiwwan dhaabbii bara kanaaf hojjetaman keessaa dhibbeentaan 40 mukkeen bosona biyya keessaa irratti kan xiyyeeffate yoo ta’u, dhibbeentaan 60 ammoo biqiltuuwwan firii fi dinagdeen gatii guddaa qaban kanneen wabii nyaataa fi faayidaa roga hedduu biroof oolu ta’uu hubachiisaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Naannoo Oromiyaatti lafa hektaara miiliyoona 2tuqaa7 irratti  hojiin misooma sululaa raawwatameera 
May 18, 2026 757
Caamsaa10/2018(ENA)- Naannoo Oromiyaatti waktii Bonaa bara kanaan Lafa hektaara Miiliyoona 2tuqaa 7 irratti hojiin misooma suluulaa hojjetamuusaa Biiroon Qonna Naannichaa beeksiseera. Biirichatti Daarektarri Misooma Bosonaa fi Kunuunsa Qabeenya Uumamaa, Obbo Katamaa Abdiisaa, ENA’f akka ibsanitti, naannichatti hojiiwwan misooma sululaa waggoottan darban raawwatamaniin lafti duwwaatti hafee ture deebi'ee dandamateera. Kanaanis omishaa fi omishtummaa qonnaa guddisuurrattis bu'aan jajjabeessaan akka galmaa'es dubbataniiru. Muuxannoo kanaan dura argame kana caalaatti cimsuun, bona bara kanaa lafa heektara miiliyoona 2tuqaa7 irratti hojiin misoomaa kun gaggeeffamuu isaa dubbataniiru. Hojii misooma suluulaa kanaan, lafa waliinii fi ooyruu dhuunfaa irratti hojiin daagaa fi ittisaa dabalatee, hojiiwwan eegumsa biyyoo fi bishaanii adda addaa hojjatamuu isaanii eeraniiru. Naannoowwan hojiin misooma suluulaa kun irratti hojjatame kanattis, ganna dhufutti hojii dhaabbii biqiltuu gaggeessuuf boolla qotuu fi qophiiwwan biroon hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Naannichatti hojii misooma sululaa kanaan dura hojjatameen, dhiqama biyyee fi saaxilamummaa lolaa hir'isuun gabbina biyyee waan dabaleef,omishnii fi omishtummaan qonnaa akka guddatu gochuu danda’uusaa eeraniiru. Naannoowwan manca'anii turan deebi'anii misoomuusaaniin,rooba misooma midhaaniitiif mijataa ta’e akka jiraatu dandeessisuusaa ibsaniiru. Haalli qilleensaa fi jiidhinsi mijataan akka uumamu gochuu isaa eeranii, qabeenyi bishaan lafa irraa fi lafa jalaa waan dabaleef, misoomni jallisiis bal'inaan akka gaggeeffamu haalli mijataan uumamuusaa himaniiru. sululoota deebanii misooman kanarratti, nyaata loonii fi misooma fuduraalee fi muduraalee,akkasumas hojii misooma dammaa gaggeessuun,carraa hojii uumuuf shoora olaanaa taphachuu isaa eeraniiru. Laggeenii fi haroowwan gogani deebi'anii bishaan dhugaatii namaa fi loonii, akkasumas horsiisa qurxummii fi tajaajila biroof akka oolan gochuu keessatti gumaacha guddaa taasisuusaa beeksisaniiru.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 18954
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 2633
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 4609
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan.   Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru.   Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru.   Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.  
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015