ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Ispoortii Biskileetiin Olompiikii Paarisirratti hirmaachuuf qophiin tasifamaa jira
Apr 26, 2024 4
Ebla 18/2016(TOI)-Dorgomtoonni Itiyoophiyaa biskileetiin dorgomanOlpmpiikii Paarisirratti hirmaachuuf Maqaleetti shaakalaa akka jiran federeeshiniin Biskileetii Itiyoophiyaa ibse. Hoogganaan waajjira federeeshinichaa obbo Fitsum Walda’aab akka ibsanitti, dorgomtoonni biskileetii dhiirri jahaa fi dubartoonni shan kilaboota addaddaarraa waliti dhufan hirmaannaa Olompiikii argachuuf Maqaleetti shaakalaa akka jiran ibsaniiru. Kana malees Itiyoophiyaanonni dorgomtoota Biskileetii kilabii Awurooppaa keessa jiran, dorgommiiwwan addaddaarratti hirmaachuun qabxii ida’amaatiin qabxii Olompiikiirratti hirmaachuu isaan dandeessisu argachuuf hojjechaa jiru jedhaniiru. Olompiikii Paarisiif darbuuf dursee qophiin eegalamuu fi dorgomtoonni Biskileetii waltajjii dorgommii argachuunsaanii jalqabbii gaarii ta’uu dubbataniiru. Leenjisaan muummee garee biyyaalessaa Biskileetii Nugusee Gabrayohaannis gamasaatiin, dorgommii tapha guutuu Afriikaa Gaanaa Akraatti hirmaatan caalaa qophiin taasisaa akka jiran dubbateera. Yeroo ammaa dorgommii biskileetii waggaa naannoon Tigraay qopheessurratti hirmaachuuf dorgomtoonni Biskileetii 11 magaalaa Aksum akka jiran ibseera. Dorgomtoonni kunneen taphoota guutuu Afriikaa Gaanaa Akraatti taasifamerratti hirmaatanii kan turan ta’uu fi dorgommii Kanaan kilabasaanii bakka bu’anii akka hirmaatan beeksisaniiru. Itiyoophiyaan akka lakkoofsa Awurooppaatti Olompiikii Riyoo bara 2016 qophaa’ee fi Olompiikii Tookiyoo bara 2021 qophaa’erratti Ispoortii Olompiikiin hirmaachuunshee niyaadatama. Waltajjii Afriikaarrattis tapha guutuu Afriikaa Gaanaa Akraatti barana taasifamerratti, dhiira jahaa fi dubartii shaniin hirmaachuun meedaaliyaa meetii tokkoon Afriikaarraa torbaffaa bahuun xumuruunshee niyaadatama.
Akkaadaamiin ga’ooma hooggansaa Afriikaa akkaadaamii biizinasii idil addunyaa Chaayinaa waliin hojjechuuf waliigaltee Mallatteesse
Apr 26, 2024 57
Ebla 18/2016(TOI)- Akkaadaamiin ga’ooma hooggansaa Afriikaa akkaadaamii biizinasii idil addunyaa Chaayinaa waliin hojjechuuf waliigaltee Mallatteesse. Pirezidaantiin akkaadaamii ga’ooma hooggansaa Afriikaa obbo Zaadiig Abrihaa fi pirezidaantiin akkaadaamii biizinasii idil addunyaa Chaayinaa(AIBO) Suun zoon Giih waliigalticha mallatteessaniiru. Waliigaltichi dhaabbileen lamaan gabbisa dandeettii hooggansaarratti waliin hojjechuuf akka isaan dandeessisu ibsameera. Pirezidaantiin akkaadaamii ga’ooma hooggansaa Afriikaa obbo Zaadiig Abrihaa, akkaadaamichi Itiyoophiyaatti dandeettii hooggansaa gabbisuuf dhaabbilee idil addunyaa addaddaa waliin hojjechaa akka jiru dubbataniiru. Kun ammoo muuxannoowwan idil addunyaa gara Itiyoophiyaa fiduun hooggantoota ga’umsa qaban horachuuf nigargaara jedhan. Akkaadaamiin biizinasii idil addunyaa Chaayinaa (AIBO) dhaabbata barnootaa fi leenjii ministeera barnootaa rippaabiliika ummata Chaayinaa jalatti argamudha.
Baatiiwwan sagal darban hojmaata badaan walqabatee hojjettoota 244 irratti tarkaanfiin fudhatameera-tajaajila immigireeshinii fi lammummaa
Apr 26, 2024 18
Ebla 18/2016(TOI)- Baatiiwwan sagal darban hojmaata badaan walqabatee hojjettoota 244 irratti tarkaanfiin fudhatamuusaa tajaajilli immigireeshinii fi lammummaa beeksise. Tajaajilichi kana kan jedhe raawwii hojii baatii sagalii mana maree bakka bu’oota ummataatti koree dhaabbataa dhimmoota seeraa fi haqaaf wayita dhiheessetti. Dhaabbatichi kenniinsa tajaajilaa ammayyeessuun gaaffilee lammiileef deebii hatattamaa fi si’ataa kennuuf hojiilee addaddaa hojjechaa akka jiru ibseera. Qaamolee nageenyaa waliin ta’uun hojjettoota faddaaltota walii walitti hidhachuun hojii seeraan alaarratti bobba’anii argaman 244 fi faddaaltota seeraan alaa 30 irratti tarkaanfiin fudhatamuusaa gabaasa isaatiin agarsiiseera. Gama biraatiin lammiilee biyya alaa karaa addaddaa Itiyoophiyaa dhufanii hojii isaaniif hin eeyyamamne irratti bobba’anii fi sanada seera qabeessaa hinguunne adabamanii biyyasaaniitti akka deebi’an taasifamuun himameera.
Miseensonni hooggansaa olaanoo federaalaa fi naannoo magaalaa Gondaritti hojiilee misoomaa daawwachaa jiru
Apr 26, 2024 25
Ebla 18/2016(TOI)፡-Bulchaa bulchiinsaa naannoo Amaaraa obbo Araggaa Kabbadaa fi ministirri jallisii fi naannawoota gammoojjii injiinar Ayishaa Mahaammad dabalatee Miseensonni hooggansaa olaanoo federaalaa fi naannoo hojiilee invastimantii fi misoomaa magaalaa Gondaritti hojiilee misoomaa daawwachaa jiru. Hoogganaan komunikeeshinii bulchiinsa magaalaa Gondar obbo Abbabaa Laaqoo akka dubbatanitti, magaalichatti nageenya kabachiisuurra darbee hojiilee misoomaa fayyadama ummataa mirkaneessan hojjetamaa jiru. Gaaffii misoomaa ummata magaalichaa deebisuuf bajata birrii biiliyoona 1 tuqaa 8n pirojektoonni ijaarsaa addaddaa hojjetamaa akka jiran ibsaniiru. Sochiin hojii hidha jallisii fi bishaan dhugaatii Magac kan mootummaa federaalaatiin hojjetamaa jiru qaama daawwannichaa akka ta’e beekameera. Dabalataanis sochiin invastimantii magaalichaa fi hojiin dureeyyii dhuunfaa s akkasuma. Miseensonni hooggansaa olaanoo federaalaa, naannichaa fi bulchiinsa magaalichaa daawwannaa kanarratti hirmaachaa jiru.
Misoomni kooriidaraa Finfinneetti hojjetamaa jiru dhaloota dhufu ilaalcha keessa kan galchedha- Kantiibaa Adaanech Abeebee
Apr 26, 2024 17
Ebla 18/2016 (TOI)- Misoomni kooriidaraa Finfinneetti hojjetamaa jiru dhaloota dhufu ilaalcha keessa kan galchee fi magaalattii fakkeenya badhaadhinaa gochuuf ijaaramaa akka jiru Kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee dubbatan. Manni maree magaalaa Finfinnee yaa’ii idilee 3ffaa bara hojii waggaa 3ffaa adeemsisaa jira. Kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee raawwii misooma kooridaraa guyyoota 45 ilaalchisuun gabaasa dhiheessaniiru. Haala Kanaan misoomni kooriidaraa fi deemisanii misoomsuu dhaloota dhufu yaada keessa galchuun hojjetaman qulqullinaa fi si’aayinaan hojjetamaa akka jiran dubbataniiru. Bulchiinsi magaalichaa Finfinnee miidhagduu fi jiraattotaaf mijooftuu taasisuuf akkaataa filannoorratti waadaa galeen bu’uraalee misoomaa haaraa karoorsee hojjechuun fi kan tura haaromsuun halkanii fi guyyaa hojjechaa akka jiru kantiibaa Adaanech dubbataniiru. Bu’uraalee misoomaa bara dheeraa turan ammayyeessuuf, haaromsuu fi fayyadama haqa qabeessa jiraattotaa mirkaneessuuf misoomni kooriidaraa jalqabamuusaa dubbataniiru. Hojiin magaalatiin magaalaa dippilomaasii, Afriikaa, magaalaa muummee Itiyoophiyaa, buufata dinagdee fi hawaasummaa ta’uushee madaalu hojjetamaa akka jiru ibsaniiru. Kana keessaa misoomni kooriidaraa kan eeramudha jedhaniiru. Misooma kooriidaraa shananiin, manneen kuma 5 fi 135 kaasuun bakkicha qulqulleessuun misoomaaf qophii gochuun akka danda’ame ibsaniiru. Amma ammaatti kanneen misoomaaf jecha kaafaman harka 80 ol beenyaa, manaa jirenyaa fi bakka hojii kennuun keessummeeffamaniiru. Kanneen misoomaaf jecha kaafaman mannni jireenyaa fooyya’aa, lafti, beenyaan, bakki hojii, Sheedonni, baasii geejjibaa, beenyaan hamilee akka kennameef eeraniiru. Kana malees akkaataa qorannoo misooma kooriidaraatiin kanneen misoomsuu danda’aniif mirgi kennameefii akasumas manneen jireenyaa dhuunfaa kaafaman amma mana ijaarratanitti baasii kiraa manaa akka argatan gochuun kan hojeeffamedha. Misooma kana halkanii fi guyyaa hojjechuun baatii sadii keessatti xumuruuf karoorfamuu dubbataniiru. Misoomni kooriidaraa kun yeroo ammaa namoota kuma 1 fi 485f hojii dhaabbataa, namoota kuma 13 fi 784f carraa hojii yeroo walumaa gala namoota kuma 15 fi 269f carraa hojii uumuu beeksisaniiru. Ijaarsi misooma kooriidaraa kun wayita xumuramu carraa hojii amma uumame caalaa harka 51 akka dabalu dubbataniiru. Hojiin kun tumsaan, qindoominaa fi walhubachuun hatattamaa fi qulqullinaan kan hojjetamu waan ta’eef kun biyya keenyaaf aadaa hojii haaraa uumeera jedhan. Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad Finfinnee fakkeenya badhaadhinaa gochuuf hojii hojjetamaa jiru kana yaada maddisiisuurraa amma deeggarsaa fi hordoffiitti gumaacha taasisaniif galateeffataniiru. Rakkoolee misooma kanarratti mudatanii fi odeeffannoowwan dogoggoraa hatattamaan sirreessuu fi hawaasni dhugaa jiru hubatee misoomicha akka deeggaru hojiin hojjetame kan galateeffamudha jedhan.
Siyaasa

Manni maree magaalaa Finfinnee ya’ii idilee adeemsisuu eegale
Apr 26, 2024 54
Ebla 18/2016(TOI)- Manni maree magaalaa Finfinnee ya’ii idilee 3ffaa bara hojii waggaa sadaffaa adeemsisuu eegaleera. Manni marichaa yaa’ii guyyaa tokko turuun gabaasa hojii bulchiinsichaa baatii sagalii bara bajataa 2016 kantiibaa magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee dhiheessanirratti akka mari’atu ibsameera. Danbiin naamusaa miseensota mana maree Finfinnee fi labsii bajata dabalataa bara 2016 bulchiinsa magaalichaa irratti mari’achuun niraggaasa jedhameetu eegama. Hojiileen misooma kooriidaraa, ijaarsota bu’ura misoomaa, hojiileen misoomaa namarratti xiyyeeffatan, qaqqabiinsa tajaajiloota hawaasummaa, dhaala leemataa, carraa hojii uumuu, kenniinsa tajaajilaa fooyyessuu, ijaarsa dhaabbilee fi rakkoolee bulchiinsa gaarii furuu baatilee sagalitti bulchiinsa magaalichaatti hojjetamanii fi hojiileen raawwataman biroorratti akka mari’atamu ni’eegama.
Itoophiyaan walitti dhufeenya Intarpool waliin qabdu cimsuuf fedha qabdi.
Apr 25, 2024 301
Ebla 17/2016(TOI) - Itoophiyaan walitti dhufeenya Intarpol waliin qabdu caalaatti cimsuuf fedha kan qabdu ta'uu Poolisii Federaalaa Itoophiyaatti Itarpool Biyyaalessaa Poolsii Federaalaa fi Qajeelchi Tumsa Poolisii Idil-Addunyaa beeksise. Poolisiin Fedeeraalaa, Itoophiyaa Konfiraansii Waggaa Interpool Idil-addunyaa irratti hirmaachaa jira. Konfiraansiin kun Firaansi Magaalaa Liyoonitti taa’amaa jira. Konfiraansicha irratti Hogganaan Iterpool Biyyaalessaa Poolsii Federaalaa fi Qajeelcha Tumsa Poolisii Idil-Addunyaa Gargaaraan Komishinaraa Dajanee Baqqalaa hirmaachaa jiru. Gargaaraan Komishinaraa Dajanee Baqqalaa konfiraansichaan cinaatti qindeessitoota pirojektii babal’ina tajaajila interpoolii waliin mari’ataniiru.
Gamtaan ‘BRICS’ shoora dhaabbilee hawaasa siviilii cimsuuf carraa ni’uuma
Apr 25, 2024 109
Ebla 17/2016(TOI) – Gamtaan ‘BRICS’ shoora dhaabbilee hawaasaa siviilii biyyoota miseensotaatti argamanii muuxannoo waljijjiiruu fi faayinaansiin cimsuuf carraa akka uumu abbaan taayitaa dhaabbilee hawaasa siviilii ibse. Abbaan taayitaa dhaabbilee hawaasaa siviilii Itiyoophiyaa ogeessota hawaasa siviilii gamtaa ‘BRICS’ Ruusiyaarraa dhufanii fi hawaasa siviilii addaddaa waliin mari’achaa jira. Ittaanaan daarektara olaanaa abbaa taayitaa dhaabbilee hawaasa siviilii obbo Faasikaawu Mollaa wayita kana, mootummaan waggoota jijjiiramaa darbanitti dhaabbilee hawaasa siviiliif xiyyeeffannoo olaanaa kennuun riifoormii bal’aa taasisuusaa ibsaniiru. Haala Kanaan fooyyessa seeraa taasisuun dhaabbileen hawaasa siviilii ijaarsa sirna demokiraasii fi misooma biyyaa waliigalaa keessatti qooda guddaa akka bahan haalli mijataan uumamuusaa kaasaniiru. Itiyoophiyaan miseensa ‘BRICS’ ta’uunshee fayyadama fayyadamummaa gama hundaa mirkaneessuu fi dhaabbilee hawaasa siviilii cimsuuf carraa mijataa ta’uu dubbataniiru. Itiyoophiyaan walitti hidhamiinsa Ruusiyaa fi biyyoota miseensota biroo Waliin qabaattuun dhaabbileen hawaasa siviilii muuxannoo bal’aa akka taasisanii fi humna faayinaansii dabalataa akka qabaatan carraa akka uumu himaniiru. Gamtaan ‘BRICS’ biyyoota 10 kan ofkeessaa qabuu fi dinagdee addunyaa harka 37 akkasumas lakkoofsa ummata addunyaa harka 45 kan ofkeessaa qabu hammattoo tumsaa isa guddaa ta’uunsaa nibeekama. Biraaziil, Ruusiyaa, Hind, Chaayinaa fi Afriikaan kibbaa hundeessitoota ‘BRICS’ yoo ta’an, Itiyoophiyaa, Saa’udii Arabiyaa, emereetonni Araba Gamtoomanii, Gibxi fi Iraan barana gamtichatti makamaniiru.
Tarkaanfii raayyaan ittisaa godina Wallagga Bahaatti fudhateen meeshaan hedduun garee shororkeessaarraa booji’amuun ibsame
Apr 25, 2024 68
Ebla 17/2016(TOI)-Godina Wallagga Bahaa aanaa Sibuu Siree iddoowwan agaloo Talamaa fi Komssaa akkasumas godinichatti aanaa Waayyuu Tuqaa bakka addaa makkoo jedhamanitti duula guyyootaaf taasifameen garee shororkeessaarra miidhaan namaa fi meeshaa qaqqabuunsaa ajajaan kutaa waraanaa ajaja jiddugaleessaa koloneel Abbaayneh Asmaamaawu ibsan. Koloneel Abbaayneh akka ibsanitti, yeroo ammaa gareen shororkeessaa rukuttaa raayyaa jala dhaabachuu dadhabee kaan du’ee kaan madaa’uurra darbee booji’amaa kan jiru yoo ta’u hidhattoonni Shanee 17 ajjeefamaniiru. Kilaashiin 19, Matirayyasiin 01 fi rasaasonni hedduun raayyaa kutaa waraanaa harka galuu odeeffannoon raayyaa ittisaarraa argame ni’eera.
Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad ministira muummee Liibiyaa Abdulhamiid Aldabaabiyaa waliin mari’atan
Apr 25, 2024 65
Ebla 17/2016(TOI)- Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad ministira muummee Liibiyaa Abdulhamiid Aldabaabiyaa waliin mari’atan. Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad ergaa fuula marsariitiisaaniirratti dabarsaniin ministira muummee Liibiyaa Abdulhamiid Aldabaabiiyaa simachuu kootti gammadeera jedhaniiru. Marii kanaanis nagaa fi tasgabbii qaxanaa, tumsa dinagdee, waljijjiirraa humna namaa fi dhimmoota fedhii waloo biroo kaafneerra jechuun ibsaniiru.
Ministirri muummee Liibiyaa daawwannaa hojiif Finfinnee dhufan
Apr 25, 2024 94
Ebla 16/2016 (TOI)- Ministirri muummee Liibiyaa Abdulhamiid Al-dabaayibaa Itiyoophiyaatti daawwannaa hojii taasisuuf Finfinnee dhufaniiru. Ministirii muummee kun buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Boolee wayita gahan ministirri dhimma alaa ambaasaaddara Taayyee Atsqasillaasee simataniiru. Ministirri muummee Liibiyaa Turtii Itiyoophiyaatti taasisaniin hooggantoota mootummaa olaanoo waliin dhimmoota biyyoota lamaanii, afriikaa fi idil addunyaarratti nimari’atu jedhamee akka eegamu odeeffannoon ministeera dhimma alaarraa argame nimul’isa.

Hawaasummaa
Sirni awwaalchaa hojjettuu TOI adde Wuddaallaat Ayyenew raawwatame
Apr 25, 2024 284
Ebla 17/2016(TOI)- Kaleessa kan boqotte Sirni awwaalchaa hojjettuu TOI adde Wuddaallaat Ayyenew har’a bataskaana Qacanee Madaanalamitti raawwatameera. Adde Wuddaallaat Ayyenew Bitootessa bara 2008 irraa kaasee dhukkuba tasaatiin amma lubbuunshee darbe amma Ebla 16 bara 2016tti tajaajila oduu Itiyoophiyaa keessa hojjetteetti. Maatiisheef nama jalqabaa kan taate adde Wuddaalaat Ayyenew, abbaashee obbo Ayyenew Abdallaa fi haadhashee adde Abbabach Alii bara 1973 ture Finfinneetti kan dhalatte. Adde Wuddaallaat TOI dabalatee dhaabbilee addaddaa keessa sadarkaa hojii addaddaarra hojjechuushee miiltoowwan hojii ishee nidubbatu. Tajaajilli oduu Itiyoophiyaa du’a adde Wuddaallaat Ayyenewutti gadduusaa ibsaa, maatii fi firoottan isheef jajjabina nihawwa.
Odeeffannoon miidiyaa hawaasummaan " milishaa hidhannoo hiikkachiisuu" ilaalchisee tamsaafama jiru soba jedhame
Apr 24, 2024 185
Ebla 16/2016 (TOI) - Naannoon Amaaraa "miseensota milishaa hidhannoo hiikkachuu" ilaalchisee xalayaan akka waan pirezidaantiin naannoo Amaaraatiin barreeffameetti miidiyaa hawaasaa adda addaa irratti tamsa'aa jiru sobaa ta'uu beeksise. Xalayyaan akka waan pirezidaantiin naannichaa obbo Arraggaa kabbaan godinaalee fi bulchiinsa magaaloota hundaaf barreessan fakkeeffame bahe kun guutummaatti soba ta'uu Biiroon Kominikeeshinii naannichaa beeksiseera. Yaaliinnodeeffannoon sobaa kun tamsaafamaa jiruuf nageenya waaraa naannichatti fiduuf hojii hojjetamaa jiru gufachiisuuf kan kaayyeffate ta'uu ibseera Tarkaanfii raayyaan ittisa biyyaa fi humnoonni nageenyaa naannichaa qindoominana fudhata jiraniin kasaaraan guddaan waan irra gaheef gareen finxaaleyyii burjaajii uumuuf jecha odeeffannoo sobaa facaasuun isaa ibsamee jira.
Poolisiin Federaalaa miseensa gocha namuusa poolisiin ala ta'e raawwate to'annoo jala oolche
Apr 24, 2024 47
Ebla 16/2016(TOI) - Poolisiin Federaalaa miseensa isaa I/A Saajin Taammanaa Dubbaalee gocha namuusa poolisiin ala ta'e raawwachuu isaan to'annoo jala oolchuu hime. Poolisiin Federaalaa ibsa miidiyaaleef ergeen dhaabbatichi amantii hundaaf kabaja walqixxee akka qabu himeera. Poolisiin Federaalaa loogii amantii, sabummaafi siyaasaa kamirraayyuu bilisa ta'uun heddummina duudhaa kan taasifate dhaabbata uummataa ta'uus akeeke. Yuunivarsiitii Poolisii Federaalaatti miseensa kan ta'e I/A Saajin Taammanaa Dubbaalee miseensa haarawa akka filatuuf gara naannoo Kibba Itoophiyaa godina Goofaa aanaa Gezee Goofaatti yeroo ergametti Amajjii 05, 2016 Mana Amantaa Ortodoksii Keechoo Wazee Qulqulluu Baalawalditti argamuun uffata dambii Poolisii Federaalaa uffatee faarfannaa amantii faarfachuun uummata fuulduratti qawwee osoo dhukaasuu viidiyoon miidiyaalee hawaasaarra naanna'aa ture Dambii Ittiin Bulmaata dhaabbatichaan ala ta'uu Poolisiin Federaalaa ibsa isaan mirkaneesseera. Miseensa kanas yerosuma to'annoo jala oolchuun seeraafi dambii dhaabbatichaan qorannoo irratti geggeessaa akka jiru ibseera. Poolisiin qaama hunda qixaan kan tajaajilufi amantii isaas dhuunfaan hordofuu kan danda'u ta'ee osoo jiruu miseensi kun meeshaa mootummaan nage4nya uummataa akka ittiin eeguuf hidhachiise bakka hawaasni hedduun argamutti namuusa poolisii karaa cabseen dhukaasuun isaa seeraan kan gaafachiisu waan ta'eef seeratti kan dhiyeessuun ta'uu Poolisiin Federaalaa ibsa isaan mirkaneesseera.
Dhaabbanni Madaallii Mijatummaa Itoophiyaa ji'oota salgan darban xaa'oo dabalatee tajaajila sakattoo qulqullina oomishaalee kuma 19 kenneera.
Apr 22, 2024 548
Ebla 14/2016 (TOI) - Dhaabbanni Madaallii Mijatummaa Itoophiyaa ji'oota salgan darban xaa'oo dabalatee tajaajila sakattoo qulqullina oomishaalee kuma 19 kennuu beeksise. Daarektarri olaantuu Dhaabbatichaa Maa'azaa Abarraa TOI'tti akka himanitti; dhaabbatichi ijoon tajaajila sakata'insa qulqullina laabiraatorii, Sartafikeeshinii qulqullinaa fi Inspeekshinii kennaa jira. Haaluma kanaan ji'oota salgan darban xaa'oo biyyoo meetirik toonii miliyoona tokko dabalatee oomishaalee 19 ol ta'an irratti tajaajila sakattoo qulqullina laabiratoorii fi sartifkeeshinii kennuu beeksisaniiru. Dameen dhaabbatichaa Jibutiitti argamu Zayita nyaataa liitira miliyoona 13 irratti sakattoo qulqullina labiraatorii taasisuus himaniiru. Dhaabbatichi dameewwaan tajaajila sakattoo qulullinaa kennu keessa galteewwan qonnaa, Nyaataa fi dhugaatii, Qoricha, kemikaalaa fi albuuda, galteewwan ijaarsaa, Elektirooniksii,gogaa fi oomishaaleen huccuu keessaatti argamu jedhaniiru. Oomishaaleen kunneen bu'uura ulaagaalee kaa'amaniif eeganii oomishamuu sakata'amanii sartafikeettiin mirkaneessaa kan kennamuuf ta'uu himaniiru. Tajaajiloonni dhaabbatichi kennu kunneen sadarkaa idil addunyaatti beekamtii fi fudhatama kan qabu ta'uus himaniiru. Laabiraatoriiwwaan sakata'insaaf oolaan kan dhaabbatichi qabu sadarkaa idil addunyaatti fudhatama kan qaban waan ta'aniif nageenyaa fi fayyaa hawaasaa eeguuf gahee olaanaa qabu jedhaniiru. Mootummaan oomishaalee alaa galanii fi biyya keessatti oomishaman bu'uura ulaagaalee ka'ameefiin qulqullinni isaanii kan guutame ta'uu mirkaneeffachuu irratti xiyyeeffannoon hojjechaa jirachuu himaniiru. Dhaabbatichi sartafikeettii mirkaneesaa qulqullinaa erga kenneefii ji'a sadi sadiin sakatta'insa kan taasisu ta'uus eeraniiru. Oomishaalee sakata'insi taasifameefii yeroo lamaa ol bu'uura ulaagaa kaa'amee hin guunne qaama dhimmi ilaallatu kan to'annoorratti hojjetu beeksisuun oomishaalee kanarratti to'annoo fi hordoffii akka taasisan ni taasifama jedhaniiru. Dhaabbanni madaallii mijatummaa Itoophiyaa sadarkaa naannoleetti dameewwaan 9 kan qabu yoo ta'u, hawaasni mallattoo qulqullinaa dirqamaa fi sadarkaa oomishaa irratti hubannoon qabu akka cimuuf qaamolee dhimmi ilaallatu waliin hojjetama jira jedhaniiru.
Diinagdee
Miseensonni hooggansaa olaanoo federaalaa fi naannoo magaalaa Gondaritti hojiilee misoomaa daawwachaa jiru
Apr 26, 2024 25
Ebla 18/2016(TOI)፡-Bulchaa bulchiinsaa naannoo Amaaraa obbo Araggaa Kabbadaa fi ministirri jallisii fi naannawoota gammoojjii injiinar Ayishaa Mahaammad dabalatee Miseensonni hooggansaa olaanoo federaalaa fi naannoo hojiilee invastimantii fi misoomaa magaalaa Gondaritti hojiilee misoomaa daawwachaa jiru. Hoogganaan komunikeeshinii bulchiinsa magaalaa Gondar obbo Abbabaa Laaqoo akka dubbatanitti, magaalichatti nageenya kabachiisuurra darbee hojiilee misoomaa fayyadama ummataa mirkaneessan hojjetamaa jiru. Gaaffii misoomaa ummata magaalichaa deebisuuf bajata birrii biiliyoona 1 tuqaa 8n pirojektoonni ijaarsaa addaddaa hojjetamaa akka jiran ibsaniiru. Sochiin hojii hidha jallisii fi bishaan dhugaatii Magac kan mootummaa federaalaatiin hojjetamaa jiru qaama daawwannichaa akka ta’e beekameera. Dabalataanis sochiin invastimantii magaalichaa fi hojiin dureeyyii dhuunfaa s akkasuma. Miseensonni hooggansaa olaanoo federaalaa, naannichaa fi bulchiinsa magaalichaa daawwannaa kanarratti hirmaachaa jiru.
Misoomni kooriidaraa Finfinneetti hojjetamaa jiru dhaloota dhufu ilaalcha keessa kan galchedha- Kantiibaa Adaanech Abeebee
Apr 26, 2024 17
Ebla 18/2016 (TOI)- Misoomni kooriidaraa Finfinneetti hojjetamaa jiru dhaloota dhufu ilaalcha keessa kan galchee fi magaalattii fakkeenya badhaadhinaa gochuuf ijaaramaa akka jiru Kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee dubbatan. Manni maree magaalaa Finfinnee yaa’ii idilee 3ffaa bara hojii waggaa 3ffaa adeemsisaa jira. Kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee raawwii misooma kooridaraa guyyoota 45 ilaalchisuun gabaasa dhiheessaniiru. Haala Kanaan misoomni kooriidaraa fi deemisanii misoomsuu dhaloota dhufu yaada keessa galchuun hojjetaman qulqullinaa fi si’aayinaan hojjetamaa akka jiran dubbataniiru. Bulchiinsi magaalichaa Finfinnee miidhagduu fi jiraattotaaf mijooftuu taasisuuf akkaataa filannoorratti waadaa galeen bu’uraalee misoomaa haaraa karoorsee hojjechuun fi kan tura haaromsuun halkanii fi guyyaa hojjechaa akka jiru kantiibaa Adaanech dubbataniiru. Bu’uraalee misoomaa bara dheeraa turan ammayyeessuuf, haaromsuu fi fayyadama haqa qabeessa jiraattotaa mirkaneessuuf misoomni kooriidaraa jalqabamuusaa dubbataniiru. Hojiin magaalatiin magaalaa dippilomaasii, Afriikaa, magaalaa muummee Itiyoophiyaa, buufata dinagdee fi hawaasummaa ta’uushee madaalu hojjetamaa akka jiru ibsaniiru. Kana keessaa misoomni kooriidaraa kan eeramudha jedhaniiru. Misooma kooriidaraa shananiin, manneen kuma 5 fi 135 kaasuun bakkicha qulqulleessuun misoomaaf qophii gochuun akka danda’ame ibsaniiru. Amma ammaatti kanneen misoomaaf jecha kaafaman harka 80 ol beenyaa, manaa jirenyaa fi bakka hojii kennuun keessummeeffamaniiru. Kanneen misoomaaf jecha kaafaman mannni jireenyaa fooyya’aa, lafti, beenyaan, bakki hojii, Sheedonni, baasii geejjibaa, beenyaan hamilee akka kennameef eeraniiru. Kana malees akkaataa qorannoo misooma kooriidaraatiin kanneen misoomsuu danda’aniif mirgi kennameefii akasumas manneen jireenyaa dhuunfaa kaafaman amma mana ijaarratanitti baasii kiraa manaa akka argatan gochuun kan hojeeffamedha. Misooma kana halkanii fi guyyaa hojjechuun baatii sadii keessatti xumuruuf karoorfamuu dubbataniiru. Misoomni kooriidaraa kun yeroo ammaa namoota kuma 1 fi 485f hojii dhaabbataa, namoota kuma 13 fi 784f carraa hojii yeroo walumaa gala namoota kuma 15 fi 269f carraa hojii uumuu beeksisaniiru. Ijaarsi misooma kooriidaraa kun wayita xumuramu carraa hojii amma uumame caalaa harka 51 akka dabalu dubbataniiru. Hojiin kun tumsaan, qindoominaa fi walhubachuun hatattamaa fi qulqullinaan kan hojjetamu waan ta’eef kun biyya keenyaaf aadaa hojii haaraa uumeera jedhan. Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad Finfinnee fakkeenya badhaadhinaa gochuuf hojii hojjetamaa jiru kana yaada maddisiisuurraa amma deeggarsaa fi hordoffiitti gumaacha taasisaniif galateeffataniiru. Rakkoolee misooma kanarratti mudatanii fi odeeffannoowwan dogoggoraa hatattamaan sirreessuu fi hawaasni dhugaa jiru hubatee misoomicha akka deeggaru hojiin hojjetame kan galateeffamudha jedhan.
Ikoo paarkiin gurgurtaa kitaaba dhaloota ida’amuutiin ijaaramaa jiru tuurizimii hawachuun guddina damichaa nisi’achiisa
Apr 26, 2024 20
Ebla 18/2016(TOI)- Ikoo paarkiin gurgurtaa kitaaba dhaloota ida’amuutiin naannoo Harariitti ijaaramaa jiru tuuristoota hawachuun guddina damichaa akka saffisiisu ibsame. Bulchaan bulchiinsa naannoo Hararii obbo Ordiin Badrii fimiseensonni mana maree bulchiinsa naannichaa pirojektoota bu’ura misoomaa addaddaa magaalaa fi baadiyyaa naannichaatti ijaaramaa jiran kaleessaa kaasee daawwachaa jiru. Bulchaan bulchiinsichaa wayita daawwannichaa akka jedhanitti, tuurizimiin akka jajjabaatu mootummaan naannichaa xiyyeeffannoo olaanaa kenneera. Hojiileen mhagaalaa Harar tuuristootaan filatamtuu akka taatu hojjetamaa jiran ciminaan akka ittifufan ibsaniiru. Iddoowwan hawata turizimii naannicha keessatti argaman akka misooman mootummaan xiyyeeffatee hojjechaa akka jiru bulchaan bulchiinsichaa dubbataniiru. Ijaarsi pirojektii Ikoo paarkii Harar galii gurgurtaa dhaloota ida’amuurraa argameen ijaaramaa jiru si’achaa akka jirus ibsaniiru. Pirjektichi wayita xumuramu agarsiisa waraabessa sooruun gamatti naannichi iddoo tuurizimii akka ta’u nidandeessisa, kanaanis madda galii guddaa fida jechuusaanii odeeffannoon biiroo komunikeeshinii naannichaa ni’agarsiisa. Bulchaan bulchiinsa naannichaa obbo Ordiin Badrii, paartii badhaadhinaatti hoogganaan waajjira naannoo Hararii obbo Geetuu Wayyeessaa, ittaantuun bulchituu bulchiinsa naannichaa adde Roozaa Umar dabalatee hooggantoonni waajjiraalee sektaraa daawwannicharratti argamaniiru.
Akkaadaamiin ga’ooma hooggansaa Afriikaa fi ministeerri magaalaa fi bu’ura misoomaa waloon hojjechuuf waliigalan
Apr 26, 2024 12
Ebla 18/2016(TOI)- Akkaadaamiin ga’ooma hooggansaa Afriikaa fi ministeerri magaalaa fi bu’ura misoomaa waloon hojjechuuf waliigalan. Akkaadaamiin ga’ooma hooggansaa Afriikaa fi ministeerri magaalaa fi bu’ura misoomaa dhimmoota garagaraarratti waloon hojjechuuf waliigaltee mallatteessaniiru. Pirezidaantiin akkaadaamii ga’ooma hooggansaa Afriikaa obbo Zaadiig Abrahaa fi ministirri magaalaa fi bu’ura misoomaa adde Caaltuu Saanii waliigaltee kana mallatteessaniiru. Waliigalteen dhaabbilee lamanii sagantaa misooma hooggansaa, sirna hooggansaaf beekamtiin itti kennamuu fi jiddugaleessa yaanni itti kennamu hundeessuu akka ofkeessaa qabu eerameera. Waliigaltichi dandeettii hooggantoota magaalaa gaggeessanii gabbisuu fi sirna gabbisa dandeettii hoogganaa irratti hojii bal’aa hojjechuu kan dandeessisudha jedhameera. Akkasumas hooggantoota misooma magaalaarratti hojiilee fooyyee qabu hojjetaniif beekamtii fi badhaasa kennuu akka ofkeessaa qabu eerameera. Dabalataanis jiddugaleessa misooma magaalaarratti yaadota fooyya’oo qorannoorratti hundaa’an dhiheessuuf kan dandeessisan jiddugaleessa yaanni itti kennamu hundeessuu akka ofkeessaa qabu ibsameera.
Saayinsii fi teeknooloojii
Itoophiyaan walitti dhufeenya Intarpool waliin qabdu cimsuuf fedha qabdi
Apr 25, 2024 28
Ebla 17/2016(TOI) - Itoophiyaan walitti dhufeenya Intarpol waliin qabdu caalaatti cimsuuf fedha kan qabdu ta'uu Poolisii Federaalaa Itoophiyaatti Itarpool Biyyaalessaa Poolsii Federaalaa fi Qajeelchi Tumsa Poolisii Idil-Addunyaa beeksise. Poolisiin Fedeeraalaa, Itoophiyaa Konfiraansii Waggaa Interpool Idil-addunyaa irratti hirmaachaa jira. Konfiraansiin kun Firaansi Magaalaa Liyoonitti taa’amaa jira. Konfiraansicha irratti Hogganaan Iterpool Biyyaalessaa Poolsii Federaalaa fi Qajeelcha Tumsa Poolisii Idil-Addunyaa Gargaaraan Komishinaraa Dajanee Baqqalaa hirmaachaa jiru. Gargaaraan Komishinaraa Dajanee Baqqalaa konfiraansichaan cinaatti qindeessitoota pirojektii babal’ina tajaajila interpoolii waliin mari’ataniiru.
Haleellaa Saayibarii ittisuuf biyyoonni miseensa ‘BRICS’ walta’iinsaa fi qindoominaan hojjechuu qabu jedhame
Apr 18, 2024 301
Ebla 10, 2016 (TOI)- Guddina teeknooloojii hordofee haleellaa saayibarii dabalaa dhufe ittisuuf biyyoonni miseensa ‘BRICS’ walta’iinsaa fi qindoominaan hojjechuu akka qaban akeekame. Yaa’iin “Working Group” 10ffaan Biyyoota miseensaa BRICS Raashiyaatti gaggeeffameera. Yaa’icharratti Itiyoophiyaa bakka bu’uun Daayrektarri Olaantuun Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Aadde Tigisti Haamiidii fi jilli isaanii hirmaataniiru. Aadde Tigisti Haamiid akka jedhanitti, yeroo ammaa biyyooni miseensa ‘BRICS’ fi biyyoonni addunyaa dhimma haleellaa saayibariirratti xiyyeeffannaan hojjechaa jiru. Dhimmi nageenya odeeffannoo ajandaa murteessaa biyyootaa miseensa BRICS ta’ee itti fufuu akka qabu eeran. Biyyonnni miseensa garichaas dandeettii yaaddoowwan haleellaa dandamachuun isaanii cimsuun naannawaa dijitaalaa nageenyi isaa amansiisaa uumuu akka qaban ibsuu ragaan bulchiinsicharraa argame ni mul’isa. Yaa’ichaan biyyoonni miseensaa, nageenya kominikeeshinii fi odeeffannoo, waljijjiirraa odeeffannoo, yaaddoowwan nageenya saayibarii ittisuuf akkasumas muuxannoo waljijjiiruuf waliigalteerra ga’uun ibsameera. Aadde Tigisti waltajjiichaan cinaatti biyyoota miseensa garichaa waliin haalaa nageenyaa saayibariirratti hojjechuu danda’amurratti mari’achuun ibsameera.
Itoophiyaatti sirna bulchiinsa ammaayyaafis ta'ee argannoo saayinsiif sabdaneesummaan aadaa fi beekumsi dhalootaan biyya keessaa gahee olaanaa qabu.
Apr 16, 2024 155
Ebala 8/2016(TOI) - Itoophiyaatti sirna bulchiinsa ammaayyaafis ta'ee argannoo saayinsiif sabdaneesummaan aadaa fi beekumsi dhalootaan biyya keessaa gahee olaanaa qabaachuu namni damee qorannoo taasisuun beekaman tokko ibsan. Yuunivarsiitii Jinkaatti korri qorannoo Aadaa fi Seenaa irratti xiyyeeffate geggeeffameera. Kora qorannoo kanarratti kan hirmaataan Yuunivarsiitii Kaalfoorniyaatti qorataan Sooshaal Antiropolojii Pirofeesar Doonaald L Donaahaam akka himanitti; Itoophiyaan aadaawwanii fi beekumsoota xabboo hedduu ajaa'ibsiisoo qabdi. Itoophiyaa dabalatee biyyoota Afrikaa adda addaatti waggoota 50'f hojii qorannoo fi qo'annoo hojjechaa turuu himanii; qoarnnoo hawaasaa fi ilaalcha siyaasaa irratti Kitaaboota xiyyeeffatan hedduus barreesuu isaanii himaniiru. Waggoota qorannoo fi qo'annoof biyyoota Afrikaa keessa turan keessaa kan Itoophiyaa keessa turan guddaa ta'uu eeranii Itoophiyaan haala teesuma alafaa ja'ibsiisaa fi aadaa hedduun kan badhaatedha jedhaniiru. Qoratichi kora qorannoo kanarratti mata duree '' Hundeeffama Itoophiyaa fi beekumsoota xabboo walitti bu'insa furuuf'' jedhuun qorannoo dhiheesaniiru. Qoratichi qorannoo dhiheesaniin Itoophiyaatti sirna bulchiinsa ammaayyaafis ta'ee argannoo saayinsiif sabdaneesummaan aadaa fi beekumsi dhalootaan biyya keessaa gahee olaanaa qabu jedhaniiru. Itoophiyaatti walooma cimsuufi nageenya waaraa taasisuuf beekumsi xabboo karaa walitti bu'insa karaa aadaa furaniin gahee olaanaa qabu jedhaniiru. Duudhaawwan kana Yuunivarsiitonnii fi dhaabbileen qorannoo qorannoo fi qo'annoon gabbisuun fayidaarra oolchuu qabus jedhaniiru.
Dhaabbileen tajaajila miidiyaa hawaasummaa kennan haasawa jibbiinsaa ittisuuf hojii irraa eegamu hin hojjenne
Apr 16, 2024 136
Ebla 8/2016 (TOI) – Dhaabbileen tajaajila miidiyaa hawaasummaa kennan haasawa jibbiinsaa ittisuuf hojii irraa eegamu hin hojjenne ta'uu Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Itoophiyaa beeksise. Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Itoophiyaa gabaasa biyyaalessaa haasawa jibbiinsaa fi odeeffannoo sobaa miidiyaalee hawaasummaa ifoomsera. Odeeffannoon Sobaa fi Haasofni jibbiinsaa babal’achuun nageenya hawaasarratti dhiibaa uumuu gabaasa isaan ifa godheera. Maddii haasawaa jibbiinsaa miidiyaaleen hawaasaa qoodaan ijoon Abbootii Amantii tokko tokko, Aktiivistoota, qaamoleen siyaasaa fi rogeeyyiin miidiyaalee hawaasummaa fi qaamoleen dhuunfaa ta'uu gabaasa isaa kanaan ifoomseera. Haasofni jibbiinsaa kunneen saba, Amantii, afaan, eenyummaa, namoota dhuunfaa, garee, namoota bebbeekkamoo, namooa siyaasaa fi aanga’ootarratti kan xiyyeeffatan ta’uu abbaan taayitichaa gabaasa isaan eerera. Dhaabbileen tajaajila miidiyaa hawaasummaa dambii fi qajeelfama kabajuun itti gaafatamummaan hojjechuu akka qaban Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Itoophiyaa gaafateera.
Ispoortii
Ispoortii Biskileetiin Olompiikii Paarisirratti hirmaachuuf qophiin tasifamaa jira
Apr 26, 2024 4
Ebla 18/2016(TOI)-Dorgomtoonni Itiyoophiyaa biskileetiin dorgomanOlpmpiikii Paarisirratti hirmaachuuf Maqaleetti shaakalaa akka jiran federeeshiniin Biskileetii Itiyoophiyaa ibse. Hoogganaan waajjira federeeshinichaa obbo Fitsum Walda’aab akka ibsanitti, dorgomtoonni biskileetii dhiirri jahaa fi dubartoonni shan kilaboota addaddaarraa waliti dhufan hirmaannaa Olompiikii argachuuf Maqaleetti shaakalaa akka jiran ibsaniiru. Kana malees Itiyoophiyaanonni dorgomtoota Biskileetii kilabii Awurooppaa keessa jiran, dorgommiiwwan addaddaarratti hirmaachuun qabxii ida’amaatiin qabxii Olompiikiirratti hirmaachuu isaan dandeessisu argachuuf hojjechaa jiru jedhaniiru. Olompiikii Paarisiif darbuuf dursee qophiin eegalamuu fi dorgomtoonni Biskileetii waltajjii dorgommii argachuunsaanii jalqabbii gaarii ta’uu dubbataniiru. Leenjisaan muummee garee biyyaalessaa Biskileetii Nugusee Gabrayohaannis gamasaatiin, dorgommii tapha guutuu Afriikaa Gaanaa Akraatti hirmaatan caalaa qophiin taasisaa akka jiran dubbateera. Yeroo ammaa dorgommii biskileetii waggaa naannoon Tigraay qopheessurratti hirmaachuuf dorgomtoonni Biskileetii 11 magaalaa Aksum akka jiran ibseera. Dorgomtoonni kunneen taphoota guutuu Afriikaa Gaanaa Akraatti taasifamerratti hirmaatanii kan turan ta’uu fi dorgommii Kanaan kilabasaanii bakka bu’anii akka hirmaatan beeksisaniiru. Itiyoophiyaan akka lakkoofsa Awurooppaatti Olompiikii Riyoo bara 2016 qophaa’ee fi Olompiikii Tookiyoo bara 2021 qophaa’erratti Ispoortii Olompiikiin hirmaachuunshee niyaadatama. Waltajjii Afriikaarrattis tapha guutuu Afriikaa Gaanaa Akraatti barana taasifamerratti, dhiira jahaa fi dubartii shaniin hirmaachuun meedaaliyaa meetii tokkoon Afriikaarraa torbaffaa bahuun xumuruunshee niyaadatama.
Sagantaan torbee 22ffaa piriimerliigii Itiyoophiyaa har’a jalqabama
Apr 18, 2024 132
Ebla 10/2016(TOI)- Taphoonni guyyaa jalqabaa torbee 22ffaa piriimerliigii Itiyoophiyaa har’a nitaphatamu. Tapha jalqabaa torbee 22ffaan Magaalaan Walqixxee Itiyoophiyaa Madin waliin sa’aatii 10tti Istaadiyeemii Dirreedawaatti nitaphatu. Magaalaan Walqixxee taphaoota liigichaa walitti aansee taphate shaniin altokko mo’atee altooko mo’amee alsadii walqixa baheera. Magaalaan Walqixxee qabxii 16’n sadarkaa 14ffaa qabatee qaxanaa gadibu’aarra jira. Itiyoophiyaa Nadin taphoota shan darbaniin altokko mo’atee altokko mo’ameera. Taphoota sadii walqixa baheera. Itiyoophiyaa Mqabxii 19’n sadarkaa 13ffaarra jira. Tapha lammaffaa galgala sa’aatii 1tti taphatamuun magaalaan Bahaardaarii fi Hadiyyaa Hoosaa’inaa nimorkatu. Magaalaan Bahaardaar taphoota walitti aanan shan taphateen hinmo’amne. Sadii mo’atee lamaan walqixa baheera. Magaalaan Bahaardaar qabxii 33’n sadarkaa 5ffaarra jira. Hadiyyaa Hoosaa’inaan taphoota shan taphateen lama mo’atee tokkoon mo’amee lamaan walqixa baheera. Hadiyyaa Hoosaa’inaan qabxii 30’n sadarkaa 8ffaarratti argama. Sagantaan torbee 22ffaa borus ittifufuun Hambarichoo Duraamee magaalaa Hawaasaa waliin sa’aatii 10tti, Faasiil Kanamaan magaalaa Adaamaa waliin galgala sa’aatii 1tti nitaphatu. Taphoonni torbee 22ffaan amma Ebla 13tti nitura. Piriimiyeer liigii kana baankiin daldala Itiyoophiyaa qabxii 43’, dursaa jira. Taphataan sarara duraa magaalaa Hawaasaa Alii Suleyimaan goolii 12 galchuun dursaa jira. Taphataan magaalaa Dirreedawaa lammii Yugaandaa Chaarlis Musiigee, taphataan Qiddus Giyoorgis Amaanu’eel Orboo, taphataan magaalaa Bahaardaar Charinnat Gugsaa fi taphataan magaalaa Adaamaa Yooseef Taarraqany qabxii walfakkaataa goolii 9’n hordofaa jiru. Taphoonni piriimiyer Liigii torbee 23ffaa amma 27ffaatti istaadiyeemii Yuunivarsiitii Hawaasaatti akka taphataman waldaan aksiyoonaa liigichaa beeksiseera.
Sagantaan piriimiyeerliigii Itiyoophiyaa torbee 21ffaan har’a jalqabama
Apr 11, 2024 248
Ebla 03/2016(TOI)- Sagantaan piriimiyeerliigii Itiyoophiyaa torbee 21ffaan taphoota lama taphatamaniin har’a nijalqabama. Dursaan liigicha Baankiin daldalaa Itiyoophiyaa magaalaa Hawaasaa waliin sa’aatii 10tti nitaphatu. Baankiin daldalaa taphoota shan darbaniin lama mo’atee tokkoon mo’amee lama walqixa baheera. Morkataansaa magaalaan Hawaasaa taphoota shan keessaa lama mo’atee lama mo’amee tokko ammoo qabxii qooddatee qabxii 26’n sadarkaa 10ffaarratti argama. Walaayittaa Diichaan magaalaa Dirreedawaa waliin galgala sa’aatii 1tti nitaphatu. Walaayittaa Diichaan taphoota liigichaa shan taphateen sadiin mo’amee al lama walqixa bahee qabxii 24’n sadarkaa 12ffaarratti argama. Morkataansaa magaalaan Dirreedawaa taphoota liigichaa shan taphateen sadii mo’atee tokko walqixa nahe tokko ammoo mo’ameera. Magaalaan Dirreedawaa qabxii 29’n sadarkaa 9ffaarratti argama. Sagantaan torbee 21ffaa kanaan boru Faasiil KanamaaHambarichoo Duraamee waliin guyyaa keessaa sa’aatii 10tti, magaalaan Bahaardaar Qiddus Goorgis waliin galgala sa’aatii 1tti nitaphatu. Taphni torbee 21ffaa kun amma Ebla 6 bara 2016tti nitura. Piriimiyeerliigii kana taphataan sarara duraa magaalaa Hawaasaa Alii Suleyimaan galchii 11’n yemmuu dursu taphataan magaalaa Dirreedawaa lammii Yugaandaa Chaarlis Musiigee galchiii 9’n hordofa jira.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Roobni guyyoota kurnan dhufu roobuu naannaawwaa rooba arfaasaan oomishaniif mijataadha
Apr 22, 2024 291
Ebla 14/2016 (TOI) - Roobni guyyoota kurnan dhufu roobuu naannaawwaa rooba arfaasaan oomishaniif mijata ta'uu Inistiitiyuutiin Meetirooloojii Itoophiyaa beeksisee. Ibsa inistiitiyuutichi TOI'ttiif ergeen guyyoota kurnan dhufanitti naannaawwaa kibba, bahaa, kaaba bahaa fi giddu galeessa biyyattiitti roobni salphaa hanga cimaa ta'u akka roobu ibsameera. Haala kanaan, jiidhinni eegamu fedhii bishaanii oomisha waqtii arfaasaa kanaan dura facaafamee fi biqiltoota kanaan dura dhaabamanii jiraniif mijataa akkasuma oomisha watii gannaaf haala kan mijeesuu kan danda'udha jedheera. Qonnaan bulaan jiidhina jirutti fayyadamuuf oomisha isaa oomishuuf galteewwan barbaachisu akka qopheeffachuu qabu eerera. Naannaawwaa hanqina roobaa qabanitti roobni guyyoota kurnan dhufan jiru nyaata beelladaa fi hanqina bishaan dhugaatii furuuf gahee olaanaa waan qabuuf bishaan ooyiruu qonnaa fi bakka birootti kuusuun hojii jallisiifis dhimma itti bahuun barbaachisaadha jedhameera. Gama biraatiin naannoolee kaaba bahaa, bahaa fi kibba bahaa biyyattiitti jiidhinni olaanaan akka eegamu raagni meetirooloojii ni mul’isa. Haalli kun ooyiruu irra dalaliin akkachiisuu fi biyyeen lolaan akka dhiqamu gochuu waan danda'uuf ofeeggannoon barbaachisaan taasifamuu akka qabu instiitiyutichi beeksiseera. Hojii ofeeggannoo cinaattis jiidha jiru dhimma itti bahuuf tattaaffiin taasifamuu qaba jedheera.
Baatiiwwan sagal darban dhaabbilee dhiibbaa faalama naannawaa geessisan kuma 1 fi 720 irratti tarkaanfiin fudhatameera-abbaa taayitichaa
Apr 18, 2024 116
Ebla 10/2016(TOI)- Baatiiwwan sagal darban dhaabbilee dhiibbaa faalama naannawaa geessisan kuma 1 fi 720 irratti tarkaanfiin fudhatamuusaa abbaan taayitaa taayitaa eegumsa naannoo Finfinnee beeksise. Hojii gaggeessaan olaanaa abbaa taayitichaa obbo Didhaa Dirribaa TOItti akka himanitti, abbaan taayitichaa baatiiwwan sagal darban hojii to’annoo addaddaa taasisaa tureera Haala Kanaan baatilee sagalitti dhaabbilee kuma 7 fi 294 to’achuuf karoorsee dhaabbilee kuma 7 fi 598 to’achuun karoorasaa harka dhibbaa ol milkessuusaa dubbataniiru. To’annoo fi hordoffii cimaa taasifameen dhaabbilee naannawa faalan kuma 1 fi 720 irratti tarkaanfii fudhachuusaa mirkaneessaniiru. Kanneen keessaa kuma 1 fi 661 ofeeggannoon kan kennameef yoo ta’u kanneen kallattii kennameefiin osoo hin hojjetiin hafan dhaabbilee 59 saamsamamuusaanii dubbataniiru. Abbaan taayitichaa dhaabbileen akkaataa ergama dhiibbaa naannawaa to’achuuf kennameefiin seera kabajanii akka hojjetan to’annaa fi hordoffii taasisu cimsee itti fufuusaa ibsaniiru.
Naannoo Somaaleetti biqiltuuwwan faayidaa addaddaa qaban miiliyoona 1 tuqaa 4 ol dhaabbiif qophaa’aniiru
Apr 13, 2024 195
Ebla 05/2016 (TOI)-Naannoo Somaaleetti biqiltuuwwan faayidaa addaddaa qaban miiliyoona 1 tuqaa 4 ol dhaabbiif qopheessuusaa biiroon eegumsa naannoo fi bulchiinsa lafa baadiyyaa naannichaa beeksise. Daarektarri hariiroo ummataa biirichaa obbo Yuusuuf Mahaammad TOI’f akka ibsanitti, biirichi biqiltuuwwan rakkoolee sababa jijjiirama haala qilleensaan uumaman qolachuuf gargaaran baay’isuun sagantaa ashaaraa magariisaa milkeessuuf hojjechaa jira. Haala Kanaan biirichi jiddugaleessota moodelaa Jigjigaa biqiltuun itti baay’ifamu, Godee, Doolloo Addoo fi Dagaahaabuuritti hundeeffamanitti biqiltuu qopheessuusaa ibsaniiru. Naannawoota naannichaa rooba arfaasaa argatanitti Ebla 15 bara 2016 irraa kaasee biqiltuun akka dhaabamu daarektarichi beeksisaniiru. Kana malees ganna dhufu biqiltuuwwan addaddaa naannichatti dhaabaman miiliyoona lama dhaabuuf qophiirra aka jiran ibsaniiru. Hojii gaggeessaan jiddugala biqiltuu moodelaa Jigjigaa obbo Ayyaanlee Hasan, buufanni biqiltuu jiddugaleessicha jalatti hundaa’e biqiltuu baay’isuun kutaalee hawaasaa fi dhaabbileef tolaan akka raabsu beeksisaniiru. Buufanni kun yeroo ammaa akaakuu biqiltuu 32 baay’isaa akka jiru dubbataniiru. Namoota jiddugaleessichatti carraan hojii uumameef keessaa adde Zayinab Ahimad yaada kennaniin kunuunsa biqiltuu jiddugaleessichatti tasisaa jiranitti akka gammadan ibsaniiru. Waggoottan darba naannoo Somaaleetti sagantaa ashaaraa magariisaatiin biqiltuuwwan mukaa miiliyoona 51 ol dhaabaman keesaa harki 71 qabachuusaa odeeffannoon biiroo eegumsa naannoo fi bulchiinsa lafa baadiyyaarraa argame nimul’isa.
Naannoo Tigraayitti Ganna dhufu biqiltuu miiliyoona 20 ol dhaabuuf qophiin taasifamaa jira.
Apr 5, 2024 219
Bitootessa 27/2016 (TOI) - Naannoo Tigiraayitti ganna dhufu dhaabuuf biqiltuun miliyoonni 20 qophaa'aa jirachuu Biiroon Qonnaa fi eegumsa qabeenya uumamaa bulchiinsa yeroo naannichaa beeksiseera. Biirichatti daarektarri Misooma fi ittifayyadama bosonaa obbo Tasfaay Teklehaayimaanoot TOI'tti akka himanitti; Ganna dhufu sagantaa ashaaraa magariisaan biqiltuu miliyoona 20 dhaabuuf qophiin taasifama jira jedhaniiru. Naannichaatti hojiin kununsa qabeenya uumama hojjetama jirachuu himanii bara kana lafa heektaara kuma 38 irra biqiltuu dhaabuuf hojjetama jirachuu himaniiru. Hojiin eegumsa biyyoo fi bishaanii bona darbe hojjetameen jiidha kuusuun hojii misooma bosonaa ganna kana hojjetamuuf haala mijataa uumaa jira jedhaniiru. Barbaachisummaa misooma bosonaa fi eegumsa naannoo irratti hojiin hubannoo uumuu hojjetamuus himaniiru. Yeroo ammaa naannichatti bufataalee biqiltuu adda addaa keessatti biqiltuun miiliyoona 20 fi kuma 556 biqilfamaa jiraachuu ibsaniiru. Biqiltoonni naannichatti buufataalee biqiltuu mootummaa, waldaa fi dhuunfaa 195 keessatti qophaa'aa jiran harki caalaan isaanii fayidaa dinagdee kan qaban ta'uu eeraniiru.
Gabaasa addaa
''Magaalichaatti balaa ibiddaa fi balaa tasaa mudatan ittisuuf hojii hojjetameen qabeenya birrii biliyoona 7 olitti tilmaamu mancaatiirra baraaruun danda'ameera''
Mar 26, 2024 504
Bitootessa 17/2016(TOI) - Magaalaa Finfinneetti ji'oota jahan darban balaa ibiddaa fi balaa tasaa mudatan ittisuuf hojii hojjetameen qabeenya birrii biliyoona 7 olitti tilmaamu mancaatiirra baraaruun danda'amuu Komishiniin bulchiinsa sodaa balaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee beeksise. Komishinichatti itti aanaan komishinaraa damee balaa hir'isuu Yikifawuu Waladamsqal TOI'tti akka himaniitti; balaa ibiddaa, balaa yeroo ijaarsaa mudatu, sigigaachuu lafaa fi balaan lolaa irra deddebiin magaalichaatti yeroo baay'ee kan uumamaan ta'uu himaniiru. Magaalichatti ji'oota jahan darban balaan Ibiddaa fi balaan tasaa 239 mudachuu eeranii; hojii ittisuu Komishiinichi hojjeteen qabeenya birrii biliyoona 7'tti tilmaamamu balaa mancaatiirra baraaruun danda'amuu himaniiru. Balaawwaan mudatan kanaan qabeenyi birri miliyoona 467'tti dhihaatu mancaa'uu himanii; balaa ibiddaan ala balaawwaan biroo mudataniin lubbuun namoota 31 darbuus eeraniiru. Komishiinichi waan balaa durasanii ittisuu fi balaan erga mudatee qolachuu irratti xiyyeeffatee hojjeteef malee kanaa ol miidhaan qabeenyaa fi lubbuu namarran gahuu danda'u jedhaniiru. Guddinaa fi baay'ina uummataa magaalichaa hordofee balaawwaan mudataniif deebii hatattamaa kennuuf adeemsa tekinolojiiwwan deeggarame diriirsuuf hojiin rifoormiiwwan adda addaa hojjetama turuu himaniiru. Kanaanis jiddugala eeruu balaa gara dijitaalaatti jijjiruun danda'uu himanii, kunis eeruu sobaa kanaan dura turan hambisuu keessaatti gahee olaanaa kan bahedha jedhaniiru. Jiddugalicha dameewwan isaa salganuu waliin kaameeraa CCTV'n wal qunnamsiisuun sochiiwwan isaanii walii galaa to'achuuf adeemsi dandeesisuu uumameera jedhaniiru. Hojii riifoormii taasifameen baay'ina jiddugalawwan isaa babal'isuu, naannawwaa hojii mijataa uumuu, lakkoofsa konkolaatoota yeroo balaan mudatan dhimma itti bahanii dabaluu fi hojiin biroon hojjetamuu himaniiru.
Kabaja ayyaana bara haaraa irratti balaan tasaafi ibidda osoo hin mudatiin nagaan kabajameera.
Sep 13, 2023 1879
Fulbaana 2/2016 (TOI) - Magaalaa Finfinneetti ayyaanni bara haaraa osoo balaan ibiddaafi kanneen biroon hin mudatiin nagaan kabajamuu Komishiniin hoggansa Ibiddaafi sodaa balaa beeksise. Hawaasni ergaawwaan ofeeggannoo kenna haalaa hojiirra oolchuuf deegarsaa taasiseef komishiniichi galateeffateera. Ogeessii kominikeeshinii Komishinichaa obbo Nigaatuu Maammoo jala bultii kabaja ayyaana bara haaraa irraa jalqabee balaan ibiddaafi balaan tasaa biroo osoo hin mudatiin darbuu himaniiru. Hojii hubannoo uumuu hojjetameen hawaasni ogeeffannoo barbaachisaa waan taasiseef balaan osoo hin mudatiin ayyaanichi karaa nagaa akka kabajamuu ta'uu keessatti gahee olaanaa qaba jedhaniiru. Sababoota Balaa ibiddaafi balaa tasaa uumuu danda'an hubachuun hojiirra oolchuun hawaasa biratti baratamaa dhufuu himanii, kunis balaan tasaa akka hin mudanee gahee olaanaa bahaa jira jedhaniiru. Ayyaanaoonni gara fuula duratti kabajamanis karaa nagaa akka kabajamaniif komishiinichi qophii gahaa taasisee kan jiru ta'uu himanii hawaasni sababoota balaa ibiddaafi balaa tasaa biroo uumuu danda'an irraa cimsee akka of eeguu hubachiisaniiru. Balaan ibiddaafi balaan tasaa biroo yoo mudate bilbila bilisaa 939, bilbila kallaatti 0111-55-53-00 ykn በ0111-56-86-01 bilbiluun beeksisuun Komishiinichi deebii hatattamaa balaa uumameef akka kennu beeksisaniiru.