Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Naannoo Tigraayitti daldalaa jajjabeessuu fi gabaa tasgabbeessuuf hojjetamaa jira
Oct 27, 2026 79
Naannoo Tigraayitti daldalaa jajjabeessuu fi gabaa tasgabbeessuuf hojjetamaa jira Onkololeessa 17/2019 (ENA)-Naannoo Tigraayitti daldala jajjabeessuu fi gabaa tasgabbeessuuf hojjetamaa jiraachuu itti gaafatamaan olaanaa dhimma dinagdee fi deebisanii ijaaruu yeroo Ce’umsaa mootummaa federaalaa naannichaa Dr. Tewodiroos Aragaay ibsan. Naannichatti nageenyi akka mirkanaa’uu fi hojiiwwan deebisanii ijaaruu akka ciman mootummaan federaalaa xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuus ibsaniiru. Itti gaafatamaan olaanaa dhimma dinagdee fi deebisanii ijaaruu bulchiinsa yeroo ce’umsaa mootummaa federaalaa naannoo Tigraay Dr. Tewodiroos Aragaay har’a ENA’f akka ibsanitti, bulchiinsi yeroo ce’umsaa naannichatti erga hundeeffamee kaasee caasaalee hawaasummaa, dinagdee fi daldalaa miidhaman deebisanii ijaaruu fi rakkoolee uumaman furuuf ummanni jireenya isaa idilee akka itti fufuuf carraaqqiin guddaan taasifamaa jira. Sababa garee seeraan alaa ABUT’n dhaabbileen tajaajila idilee kennanii fi bu’uraaleen misoomaa yeroo dheeraaf addaan citanii turan gara hojii idileetti deebi’uu Dr. Tewodiroos ibsaniiru. Caasaalee mootummaa garee seeraan alaa ABUT’n diigaman deebisanii dhaabuu fi tajaajila ummataa itti fufsiisuuf qindeessitoota yeroo ramaduun cimee itti fufuu ibsaniiru. Naannichatti sochiin gabaa akka jabaatuu fi dhiyeessiin nyaataa fi meeshaaleen nyaataan walqabatan akka guutamuuf bulchiinsi yeroo ce’umsaa hawaasa daldalaa waliin ta’uun hojjechaa jiraachuu eeraniiru. Kanaanis hanqinni dhiyeessii jiru suuta suutaan furamaa jiraachuu ibsaniiru. Yeroo ammaa kana waltajjiiwwan hubannoo uummataa cimanii itti fufuu Dr.Tewodiroos ibsanii, fedhii fi gaaffieen ummataa waltajjiiwwanirratti kaafaman bu’ureffachuun deebiin kennamaa akka jiru ibsaniiru. Dhiyeessii meeshaalee barbaachisoo guutuu, sochii daldalaa jajjabeessuu fi gabaa tasgabbeessuuf abbootii qabeenyaa, baankotaa fi qaamolee dhimmi ilaallatu biroo waliin ta’uun hojiiwwan bu’a qabeessa ta’an hojjetamuu isaanii ibsaniiru. Yeroo ammaa kana meeshaaleen nyaataa fi oomishaaleen nyaataan walqabatan gara naannichaa galamaa jiraachuus eeraniiru. Bulchiinsa magaalaa Maqaleetti adeemsi baruu fi barsiisuu jalqabame naannichatti iddoowwan hundatti akka jalqabamuuf qophiin barbaachisaan taasifamaa jiraachuus Dr. Tewodiroos ibsaniiru. Naannoo Tigraayitti nageenyi akka cimuu fi hojiiwwan deebisanii ijaaruu akka jabaatan mootummaan federaalaa xiyyeeffannoo addaa kennee hojjechaa jiraachuu hubachiisaniiru.
Tattaaffiin misoomaa Itiyoophyaatti hojjetamaa jiranii fi milkaa’inni galmaa’aa jiru kan raajeffatamudha-Ambaasaaddar Niikolaas Siimard
Oct 27, 2026 142
Onkoloolessa 17/2019 (ENA)- Tattaaffiin misoomaa Itiyoophyaatti hojjetamaa jiranii fi milkaa’inni galmaa’aa jiru kan raajeffatamudha jedhan Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Kaanaadaa Niikolaas Siimard. Hariiroon gam-lamee fi dameewwan garaagaraan Itiyoophiyaa fi Kaanaadaa qaban cimee kan itti fufu ta’uu Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Kaanaadaa Niikoolaas Siimaard ibsan Tattaaffiin misoomaa gama maraan Itiyoophiyaa keessatti taasifamaa jiruu fi bu’aaleen galmaa’aa jiran dinqisiisoo ta’uu Ambaasaaddarichi himaniiru. Ambaasaaddar Niikolaas Siimaard tattaaffiiwwan misoomaa Itiyoophiyaa fi bu’aalee galmaa’aa jiran ilaalchisuun yaada kennaniin, guddinni magaalotaa biyyattii keessatti mul’achaa jiru kan nama dinqisiisu ta’uu ibsaniiru. Keessumaa, dhihenya kana kan dawwaataan magaalaa Finfinnee fi Magaalaa Hawaasaatti guddinnii fi ammayyummaan magaalota keessatti mul’achaa jiru isaan argan kan nama dinqisiisu ta’uu himaniiru. Ijaarsa bu’uuraalee misoomaatiin alattis, tattaaffiiwwan dameewwan misoomaa biroo keessatti eegalaman guddina biyyattiif jalqabbii gaarii ta’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaan misooma bunaa dabalatee damee qonnaa keessatti carraa misoomaa guddaa akka qabdu eeruun, tattaaffiiwwan misoomaa gama maraan taasifamaa jiranii fi bu’aaleen galmaa’aa jiran abdii guddaa kan namatti horan ta’uu himaniiru. Ambaasaaddarichi ; Kaanaadaa fi Itiyoophiyaan hariiroo fi tumsa cimaa waggoota 60 lakkoofsise qabaachuu ibsanii; gara fuulduraattis dameewwan qonnaa, invastimantii fi kanneen biroo irratti walitti dhiheenyaan hojjechuun akka itti fufu eeraniiru. Itiyoophiyaa fi Kaanaadaa gidduu hariiroon dippilomaasii, dinagdee fi ummattoota biyyoota lamaanii jidduu jiru cimaa fi waggoota dheeraa lakkoofsise jiraachuu odeeffannoon ni mul’isa.
Bu’aa qonnaa Itoophiyaan galmeessite kan ajaa’ibsiifatamudha - Sagantaa Nyaata Addunyaa
Oct 27, 2026 170
Onkololessa 17/2019 (ENA): Mootummaan Ityoophiyaa wabii nyaataa mirkaneessuufi wabii nyaataa mirkaneessuuf carraaqqiin taasisaa jiru kan galateeffamu ta’uu Itiyoophiyaatti Daarektarri Sagantaa Nyaata Addunyaa Zilaataan Milisiik ibsaniiru. Afrikaa keessatti biyya omishtuu qamadii olaanaa taate Itoophiyaan, wabii nyaataa fi birmadummaa damee qonnaa mirkaneessuuf tattaaffii gooteen bu’aa qabatamaa galmeessitee jirti.   Keessattuu hojii irra oolmaan misooma qamadii jallisii Bonaa, Sagantaa maaddii guutuun, fi qonna haaraa gara oomishtummaatti jijjiiruun hanqina nyaataa kanaan dura ture salphisuuf gargaareera. Tooftaaleen misoomaa hunda galeessa ta’an kunneen biyyattiin nyaataan of danda’uu bira darbee fedhii namoota biyyoota biroo guutuuf tattaaffii taasiftu bu’uura cimaa kaa’aniiru. Kanarraa kan ka’e Itiyoophiyaan birmadummaa nyaataa ishee bu’a qabeessa ta’een mirkaneessaa akka jirtu hojiin jajjabeessaan damee kanarratti galmaa’e ragaadha. Daarektarri Sagantaa Nyaata Addunyaa Itiyoophiyaa Zilaataan Milisik, Itiyoophiyaan damee qonnaatiin guddina olaanaa fi dinqisiisaa agarsiisaa jirti jedhan. Mootummaan teeknooloojii, bu’uuraalee misoomaa, bulchiinsa bishaanii, fi dameewwan ijoo guddina qonnaa deeggaran irratti invastimantii guddaa akka taasise hubachiisaniiru. Fayyadama sanyii omisha olaanaa fi lafa kanaan dura hin misoomne gara lafa oomishaatti jijjiiruun jijjiiramni guddaan galmaa’uu isaa hubachiisaniiru. Jallisii, sirna bulchiinsa bishaanii fi bulchiinsa lolaa misoomsuuf tattaaffiin taasifamuus hubachiisaniiru. Itti fayyadamni teeknooloojii qonnaa biyyattiin oomishaalee baay’ee oomishuuf, oomishtummaa akka dabalu taasisuus hubachiisaniiru. Itoophiyaatti omishni waggoota kurnan duraa waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu dachaa kudhaniin akka dabale, oomishaaleen hedduun oomishamaa akka jiran hubachiisaniiru. Dhiyeessiin nyaataa biyyattii yeroo ammaa dabalaa akka jiru eeruun, galteen alaa hir’achaa akka jiru himuun, dandeettiin al-ergii dabalaa akka jirus hubachiisaniiru. Bu’aan gaariin damee qonnaa keessatti galmaa’aa jiru kun invastimantii deeggaruun damichi gahumsa akka qabaatu kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru. Dandeettii dandamachuu hawaasaa guddisuu, hammatama faayinaansii mirkaneessuu, qonnaan bultoota gabaa waliin wal qunnamsiisuuf tattaaffiin taasifamu cimee itti fufuus ibsaniiru. #Mootummaa Ida’amuu #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa Miseensa Maatii Miidiyaa Dijiitaalaa ENA ta’aa https://www.ena.et/web/links
Kan mul'ate

Raayyaan Ittisa Biyyaa mallattoo birmadummaa fi tokkummaa biyyaa keenyaati- Gochuu Indaalamaawu.
Oct 27, 2026 209
Onkololessa 17/2019 (ENA) : Raayyaan Ittisa Biyyaa mallattoo birmadummaa fi tokkummaa biyyaa keenyaati jedhan Kantiibaa Itti Aanaan Magaalaa Baahir Daar Goshuu Indaalammaawu. Raayyaan Ittisaa Itiyoophiyaa diinoota alaa irraa biyyattii ittisaa fi humnoota diigumsaa biyya keessaa qolachaa, biyyattiin akka cimtee dhaabbattu taasiseera jedhan Kantiibaa Itti Aanaan Magaalaa Baahir Daar Goshuu Indaalammaawu.   Naannoo Amaaraa, Magaalaa Baahir Daaritti hiriirri uummataa raayyaa ittisaa biyyaa deeggaru gaggeeffameera. Hiriira kanarratti jaarsoliin biyyaa, abbootiin amantaa, dargaggoonniifi kutaaleen hawaasaa biroon hirmaataniiru. Hirmaattonni hiriirichaa tokkummaa fi birmadummaa biyyaalessaa cimsuuf tattaaffii Raayyaan Ittisaa Biyyaa taasisaa jiru deeggaruun ergaa dabarsaniiru. Hirmaattonni hiriirichaa, “Aarsaa gootummaa Raayyaa Ittisaa dhuma hinqabneen kabaja biyya keenyaa ol kaasna; diinoota Itiyoophiyaa barbadeessuun alaabaa keenya ol qabna; gatii Raayyaan Ittisaa Biyyaa, humnoonni nageenyaa federaalaa fi naannoo kaffalaniif kabaja qabna” jechuun dhaadannoowwan dhageessisaniiru. Dabalataanis, “Tarkaanfiiwwan mootummaan nageenya mirkaneessuuf fudhatu ni deeggarra; tokkummaan biyya keenyaa shira humnoota farreen nageenyaa kamiiniyyuu hin gufatu; biyya keenya cimsuu fi badhaadhina ishee mirkaneessuuf mootummaa cinaa hiriirra; Raayyaan Ittisaa Biyyaa keenya mallattoo tokkummaa sabdaneessummaa keenyaa ti” jechuun nageenya biyyaalessaafi Raayyaa Ittisaa Biyyaaf deeggarsa qaban ibsaniiru.   Kantiibaa Itti Aanaan magaalattii Goshuu Indaalammaawu ergaa dabarsaniin, mallattoo biyya keenyaa kan ta’e Raayyaa Ittisaa Bjyyaaf deeggarsa keenya yeroo ibsinu, fuula alaabaa keenya duratti irra deebiin waadaa galaa fi gootummaa raayyaa yeroo hunda mirkaneessaati jedhan. Raayyich diinoota alaa Itiyoophiyaa irraa ittisaa fi humnoota diigumsaa keessoo qolachaa, biyyattii cimsee dhabuu itti fufeera jedhaniiru. Raayyichi qaama biyya diigu qolachuun, ergama biyya cimsuu gootummaan bahachaa jiraachuus ibsaniiru. #Mootummaa Ida’amuu #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa Miseensa Maatii Miidiyaa Dijiitaalaa ENA ta’aa https://www.ena.et/web/links

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa

Deenmaarki damee Bishaanii fi Inarjii Itoophiyaa deeggaruu cimsuuf kutannoo qabdi – Ambaasaaddar Suun Kiroogistiruup ibsan
Oct 26, 2026 476
Onkoloolessa 16/2019 (ENA) Deenmaark deeggarsa damee bishaanii fi inarjii Itoophiyaaf taasiftu cimsuuf kutannoo qabaachuu Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Deenmaark, Suun Kiroogistiruup ibsan. Torban Bishaanii fi Inarjii Itoophiyaa beekumsaa fi teeknooloojii waljijjiiruuf waltajjii murteessaa ta’uu kaasaniiru. Torban Bishaanii fi Inarjii Itoophiyaa 3ffaan mata duree “Wabii Bishaanii fi Inarjii gara fuulduraatiif imaammattootaa fi tumsa ragaa saayinsaawaa irratti hundaa’an cimsuu” jedhuun har’a gaggeeffamuu eegaleera. Saganticharratti ambaasaaddaroonni biyyoota garaagaraa, qorattoonni dame bishaanii fi inarjii, qaamoleen imaammata baasan, akkasumas qooda fudhattoonni biroon argamaniiru. Torban Bishaanii fi Inarjii Itoophiyaa beekumsa waljijjiiruuf, muuxannoo waliif qooduuf, hojiiwwan kalaqaa beeksisuu fi tumsa cimsuuf waltajjii murteessaa ta’uu Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Deenmaark, Suun Kiroogistiruup, saganticharratti ibsaniiru. Deenmaarki sagantaalee tumsa misoomaa fi jalqabbiiwwan garaagaraatiin damee bishaanii fi inarjii Itoophiyaa deeggaruuf kutannoo yeroo dheeraa qabaachuu ibsaniiru. Deeggarsa kana keessaa dhaabbilee damee bishaanii fi inarjii gidduutti muuxannoo kallattiin waljijjiiruu, dandeettii raawwachiisummaa cimsuu, sagantaalee biyyaalessaa deeggaruu fi bu’uuraalee misooma inarjii babal’isuun akka keessatti argaman himaniiru. Itoophiyaan dameewwan bishaanii fi inarjii keessatti carraawwan misoomaa bal’aa akka qabdu ibsaniiru. Rakkoolee dameewwan kanneen keessatti mudatan furuuf invastimantii waaraa, kalaqa, odeeffannoo amansiisaa, dhaabbilee ciccimoo fi tumsi qooda fudhattoota hunda gidduutti akka barbaachisu kaasaniiru. Waltajjiileen akka torban Bishaanii fi Inarjii Itoophiyaa kanaaf barbaachisummaa olaanaa akka qaban eeraniiru. Tumsi Itoophiyaa fi Deenmaarki gidduu jiru deeggarsa misoomaa qofaan kan hin daangeffamne ta’uu ibsuun, tumsi kun carraawwan michummaa daldalaa, ce’umsa teeknooloojii, kalaqaa fi invastimantii dhuunfaa akka uumu himaniiru. Deenmaarki kaayyoowwan waloo galmaan ga’uuf Mootummaa Itoophiyaa, michoota misoomaa, damee dhuunfaa fi qooda fudhattoota biroo waliin tumsaan hojjechuu kan itti fuftu ta’uu mirkaneessaniiru. Gama biraatiin, Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Ruwaandaa , Chaarlis Kaarambaa, bishaanii fi inarjiin nageenyaafi fayyaa namootaa, guddina dinagdee fi itti fufiinsa eegumsa naannawaatiif qabeenya barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. Qabeenyonni lamaan kun walitti dhufeenya cimaa akka qabanis kaasaniiru. Qabeenyonni kunneen faayidaa olaanaa qabaatanis, jijjiirama qilleensaa, guddina dinagdee, daballii baay’ina uummataa fi dhimmoota itti fufiinsa waaraa waliin walqabatan irraa kan ka’e dhiibbaa dabalaa dhufeef saaxilamaa jiraachuu ibsaniiru. Bishaanii fi inarjii gahumsaan, haala haaromfamuu danda’uunii fi itti fufiinsa waaraa qabuun bulchuun wabii bishaanii mirkaneessuuf, dhaqqabummaa inarjii babal’isuu fi egeree rakkoolee dandamachuu danda’u uumuuf murteessaa ta’uu hubachiisaniiru. Torban Bishaanii fi Inarjii Itoophiyaa muuxannoowwan gaggaarii waliif qooduuf, kalaqawwan haaraa beeksisuu fi dameewwan bishaanii fi inarjii keessatti carraawwan invastimantii qorachuuf carraa akka uumu ibsaniiru.
Karoora of danda'uu milkeessuun waadaa Mootummaan ummataaf gale ni mirkaneessina – Bulchitoota Godiina
Oct 26, 2026 305
Onkoloolessa 16/2019(ENA)-Karoora of danda'uu milkeessuun waadaa Mootummaan ummataaf gale ni mirkaneessina jedhan Bulchitoonni Godiinale Oromiyaa. Mootummaan Naannoo Oromiyaa karoora of danda’uu bara 2019 hanga 2023tti hojiirraa oolu ifattii eegalu ibsuun ni yaadatama. Sadarkaa Itti Aanaa Pirezidaantiitti Bulchaan Godina Oromiyaa Bahaa Obbo Abdurhamaan Abdallaa akka jedhanitti, Karoorri of danda'uu waadaa Mootummaan ummataaf galedha. Karoora kana milkeessuufis humnoota misoomaa fi waloo qindeessuun hojjachuuf qophii ta’uu isaanii dubbataniiru. Gurmaa'insa haaraan tokkommaa keenya haala cimsuu danda'uun kan gurmaa'ee fi humna raawwachiisummaa bittinaa'e kan walitti qabe waan ta'eef rawwii karoora of danda’uuf galtee gudda ta’uus kaasaniru. Bulchaan Godina Kibba Oromiyaa Obbo Ahmad Hajjii, ‎Karoorri kun karoora hiixataa fi ummata Oromoo biratti hiika guddaa qabu ta’uu dubbataniiru. karoora Of Danda’uu milkeessuu fi tajaajila mootummaan ummataaf dhiyeessuu keessatti gahee olaanaa qabas jedhaniiru. Fedhii ummatni Oromoo misoomaafi jijjiirama diinagdeef qabu dhugoomsuuf carraa bal’aa kan uumu ta’uu kaasanii, karoora kana milkeessuuf kutannoon kan hojjetan ta’u dubbataniiru. Qabeenya godinichaa sirnaan fayyadamuun oomisha dabaluun, carraa hojii bal’isuun, galii uummataa fi mootummaa guddisuun dinagdee Oromiyaa fi biyyaa utubuuf xiiqiin ni hojjetamas jedhaniiru. Sadarkaa Itti Aanaa Pirezidaantiitti, Bulchaa Godina Kibba Baha Oromiyaa Obbo Ahimad Idriis gama isaaniitiin Waggoota jijjiiramaa keessatti inisheetiivota fayyadamummaa uummataa mirkaneessan hedduu hojiitti hiikuun oomishaafi oomishtummaan biyyaa dabaluuf akka hojjetan dubbatan. Diinagdee biyyaa ijaaruu, hariiroo hawaasummaa cimsuufi nagaafi tasgabbii mirkaneessuuf miira xiiqiin akka hojjetamus dubbataniiru. Karoora of danda'uu milkeessuuf miira yeroo hin qabneen ni hojjeenna kan jedhan immoo Sadarkaa Itti aanaa Pirezidaantiitti Bulchaan Godina Kibba Lixa Oromiyaa Dr. Rashaad Kamaali. Yaadama haaraa tarsiimoo ce'uumsa diinagdee, hawaasummaafi siyaasaa milkeessuuf karoora of-danda'uu hojiirra oolchuun murteessaa ta'uus kaasaniru. Misooma koriidarii akka biyyaatti hojjetamaa jiru bu'uura godhachuun, iddoowwan gara garaatti babal'isuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta'uu eeruuniru. Sadarkaa Pirezidantii itti aanaatti, Bulchaa Godina Giddu Galeessaa Oromiyaa Dr. Mangistuu Baqqalaatiis karoorri of danda'uu fedhiifi gaaffii uummataa kan deebisu jedhaniiru. karoorichi qabamee hojjetamaa jiru qabeenya dilbii Oromiyaan qabdu gara diinagdeetti jijjiiruun jiruufi jireenya hawaasa naannichaa kan fooyyessuu waan ta’eef rawwii isaanifis kutannoodhan ni hojjetama jedhaniru. Karoorri Of dandahuu, ajandaa misoomaa guddicha hiyyummaafi duubatti hafummaa seenaa taasisuuf hojjetamaa jiruudha kan jedhan immoo Bulchiin Godina Lixa Oromiyaa Obbo Masfiin Malaakuuti. Milkaa’ina karoorichaatiif hooggansi ergama isaa sirriitti hubatee uummata qajeelchuu fi fayyadamummaa isaanii dhugoomsuuf hojjechuu akka qabus yaadachiisaniru. Gamaaggamni raawwii hojii mootummaa fi paartii kurmaana tokkoffaa guyyoota lamaan darbaniif Gaggeeffamaa ture har’a ni xumurama jedhameetu eegama.
Raayyaan ittisa biyyaa ergama daangaa fi nagaa biyyattii eeguu bu'a qabeessa ta'een bahachaa jira - Meejar Jeneraal Fiqaaduu Tsaggaayee
Oct 26, 2026 407
Onkololessa 16/2019 (ENA): Raayyaan ittisa biyyaa ergama daangaa fi nagaa biyyattii eeguu bu’a qabeessa ta’een ba’aa jira jedhan Ajajaa Itti aanaan Ajaja Bahaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Meejar Jeneraal Fiqaaduu Tsaggaayee. Guyyaan Raayyaa Ittisa Biyyaa 119ffaan magaalaa Hararitti marii paanaalii mata duree "Raayyaa Injifannoo" jedhuun kabajamaa jira.   Itti Aanaa Ajajaa Bahaa Meejar Jeneraal Fiqaaduu Tsaggaayee saganticha irratti argamuun ergaa dabarsaniin raayyaan ittisa biyyaa ergama nagaa fi daangaa biyyaa eeguu bu'a qabeessa ta'een bahachaa jira jedhani. Akkasumas ergamaa fi hojii itti kenname gahumsa guddaadhaan raawwachaa turuu fi bu’aa milkaa’aa galmeessisuu isaa ibsaniiru. Miseensonni izichaa humnoota farra nagaa biyyattii booressaa jiran duukaa bu’uu fi tarkaanfii fudhachuun itti gaafatamummaa birmadummaa Itiyoophiyaa fi nageenya ummataa tiksuuf qaban gahumsaa fi gootummaadhaan ba’aa akka jiran dubbataniiru. Dabalataanis miseensonni izichaa hojiiwwan daangaa biyyaa fi nagaa ummataa eegsisuuf hojjetaman irratti gahumsaan ergama isaanii bahachuu akka itti fufan ibsaniiru. Guyyaan Raayyaa Ittisa Biyyaa 119ffaan guyyaa kaleessaa akka biyyaatti yeroo kabajamu itaamaajorshuumiin waliigalaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiildii Maarshaal Birhaanuu Juulaa Itiyoophiyaan biyyoota dhaabbilee umurii dheeraa ijaaran keessaa tokko ta’uu hubachiisaniiru. Akkasumas, Raayyaan Ittisa Biyyaa erga hundeeffamee umurii waggaa 119 kan qabu yoo ta’u, dhaabbilee Itiyoophiyaa yeroo dheeraaf jiraatan keessaa isa durii fi sadarkaa olaanaa qabu ta’uu ibsaniiru. Raayyaan ittisa biyyaa yeroo ammaas lafee dugdaa fi utubaa biyyattii ta’uun, baandaawwan biyya diiguuf ka’an irratti gootummaan tarkaanfii fudhachaa akka jiru duubbachuun isaanii kan yaadatamudha. #Mootummaa Ida’amuu #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa Miseensa Maatii Miidiyaa Dijiitaalaa ENA ta’aa https://www.ena.et/web/links
Milkaa’inni karoora gaarii qopheessuu qofaan hin mirkanaa’u- Shimallis Abdiisaa, Pirezidaantii MNO
Oct 26, 2026 300
  Karoora Of Danda’uu waggoota shanan dhufaniif qophaa’e keessatti, Oromiyaa gama dinagdee, barnootaa, teknoloojii fi sirna bulchiinsaatiin cimtuu ijaaruun galma ijoo ta’ee kaa’ameera. Karoorichi abdii fi mul’ata uummataa gara bu’aa qabatamaatti jijjiiruun badhaadhina waliigalaa dhugoomsuuf kallattii tarsiima’aa ta’ee tajaajila. Karoora kana milkeessuuf qabeenyaafi carraawwan naannoon qabdu sirnaan fayyadamuun, humnoota misoomaa qindeessuun, akkasumas raawwii hojii bu’a qabeessa taasisuun barbaachisaadha. Dinagdee jabaa ijaaruun qabeenya jiru fayyadamuu qofa osoo hin taane, humna namaa, beekumsa, teknoloojiifi qabeenya maatii gara humna oomishtummaatti jijjiiruu gaafata. Kanaaf, imaammanni misoomaa dinagdee, barnoota, teknoloojiifi sirna bulchiinsaa walitti hidhuun dandeettii ummataa cimsuufi bu’aa misoomaa waaraa argamsiisuu irratti xiyyeeffachuu qaba. Milkaa’inni Karoora Of Danda’uu garuu karoora gaarii qopheessuu qofaan hin mirkanaa’u. Dandeettiin hoggansaa, hojjettoonni mootummaafi ummanni qindoominaan hojjechuun, murtoowwan sirrii kennuun, raawwii hojii hordofuun, akkasumas hanqinoota jiran sirreessuun murteessaadha. Kana malees, bu’aan raawwii karooraa jireenya uummataa keessatti jijjiirama qabatamaa fiduu isaa madaaluun, galmoota misoomaa yeroo dheeraa milkeessuuf xiyyeeffannoo itti fufiinsa qabu gaafata. maddi wajjira pireezidaantii
Karoora of danda'uu milkeessuun miira yeroo hin qabneen hojjechuu gaafata." Dr. Rashaad Kamaal
Oct 25, 2026 590
Onkololeessa 15/2019 (ENA) Karoora of danda'uu milkeessuun miira yeroo hin qabneen hojjechuu gaafata jedhan Sadarkaa Itti aanaa Pirezidaantiitti Bulchaan Godina Kibba Lixa Oromiyaa Dr. Rashaad Kamaal. Sadarkaa Itti aanaa Pirezidaantiitti Bulchaan Godina Kibba Lixa Oromiyaa Dr. Rashaad Kamaal gamaaggama raawwii hojii paartiifi mootummaa naannoo Oromiyaa kurmaana 1ffaa irratti yaada kennaniin, karoora of-danda'uu haqaan milkeessuuf miira yeroo hin qabneen hojjechuu kan gaafatuu ta'uu himaniiru. Yaadama haaraa tarsiimoo ce'uumsa diinagdee, hawaasummaafi siyaasaa milkeessuuf karoora of-danda'uu hojiirra oolchuun murteessaa ta'uu kan eeran Dr. Rashaad, kanaanis birmadummaa diinagdee mirkaneessuun fedhiifi gaaffii uummataa deebisuun imala biyyi keenya eegalte kan dhugoomsu ta'uu ibsaniiru. Karoorri of-danda'uu, waggaa shaniif qabamee hojjetamaa jiruun, imala eegalame dhugoomsuun waadaa uummataaf galame kan itti deebii argatu ta'uu kaasuun, karoora of-danda'uutiin humna diinagdee biyyaa ijaaruu, kenna tajaajila uummataa fooyyessuu, carraa hojii uumuufi rakkoo bulchiinsa gaarii kan ittiin furamu ta'uus eeraniiru. Gurmaa'insa haaraa gaggeeffamaa jiruunis walqabatee, riiformiin taasifamaa jiruun imala hirkattummaa keessaa bahuun tarkaanfii hiyyummaa gara badhaadhinaatti taasifamaa jiru ta'uu himuun, gurmaa'insi haaraan humna murteessummaa kanaan dura naannoorratti ture gara uummataatti gadi buusuun uummanni dhiheenyatti tajaajila barbaadu akka argatu taasisuun fedhiifi faayyaadamummaa uummataa mirkaneessuuf galtee guddaa ta'uu himaniiru. Akka waliigalaatti, gamaaggama kurmaana 1ffaa gaggeeffamaa jiruun raawwii hanga ammaatti jiruun, akka Godina Kibba Lixa Oromiyaatti gaarii ta'uu kaasuun, hanqinaalee mul'atan kurmaana itti aanu keessatti furuun bu'aa caalu galmeessuuf kan hojjetamu ta'uu dubbataniiru. Misooma koriidarii akka biyyaatti hojjetamaa jiru bu'uura godhachuun, iddoowwan gara garaatti babal'isuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta'uu eeruun, milkaa'ina karoora xiiqii bu'uura godhachuun birmadummaa wabii nyaataa mirkaneessuu, humna guddaa akka godinaatti jiru gara diinagdeetti jijjiiruun, carraa hojii bal'aa uumuun akeeka karoora of-danda'uu milkeessuuf kan hojjetamu ta'uu Dr. Rashaad himaniiru. TKO irraa

Hawaasummaa
Diinagdee
Naannoo Tigraayitti daldalaa jajjabeessuu fi gabaa tasgabbeessuuf hojjetamaa jira
Oct 27, 2026 79
Naannoo Tigraayitti daldalaa jajjabeessuu fi gabaa tasgabbeessuuf hojjetamaa jira Onkololeessa 17/2019 (ENA)-Naannoo Tigraayitti daldala jajjabeessuu fi gabaa tasgabbeessuuf hojjetamaa jiraachuu itti gaafatamaan olaanaa dhimma dinagdee fi deebisanii ijaaruu yeroo Ce’umsaa mootummaa federaalaa naannichaa Dr. Tewodiroos Aragaay ibsan. Naannichatti nageenyi akka mirkanaa’uu fi hojiiwwan deebisanii ijaaruu akka ciman mootummaan federaalaa xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuus ibsaniiru. Itti gaafatamaan olaanaa dhimma dinagdee fi deebisanii ijaaruu bulchiinsa yeroo ce’umsaa mootummaa federaalaa naannoo Tigraay Dr. Tewodiroos Aragaay har’a ENA’f akka ibsanitti, bulchiinsi yeroo ce’umsaa naannichatti erga hundeeffamee kaasee caasaalee hawaasummaa, dinagdee fi daldalaa miidhaman deebisanii ijaaruu fi rakkoolee uumaman furuuf ummanni jireenya isaa idilee akka itti fufuuf carraaqqiin guddaan taasifamaa jira. Sababa garee seeraan alaa ABUT’n dhaabbileen tajaajila idilee kennanii fi bu’uraaleen misoomaa yeroo dheeraaf addaan citanii turan gara hojii idileetti deebi’uu Dr. Tewodiroos ibsaniiru. Caasaalee mootummaa garee seeraan alaa ABUT’n diigaman deebisanii dhaabuu fi tajaajila ummataa itti fufsiisuuf qindeessitoota yeroo ramaduun cimee itti fufuu ibsaniiru. Naannichatti sochiin gabaa akka jabaatuu fi dhiyeessiin nyaataa fi meeshaaleen nyaataan walqabatan akka guutamuuf bulchiinsi yeroo ce’umsaa hawaasa daldalaa waliin ta’uun hojjechaa jiraachuu eeraniiru. Kanaanis hanqinni dhiyeessii jiru suuta suutaan furamaa jiraachuu ibsaniiru. Yeroo ammaa kana waltajjiiwwan hubannoo uummataa cimanii itti fufuu Dr.Tewodiroos ibsanii, fedhii fi gaaffieen ummataa waltajjiiwwanirratti kaafaman bu’ureffachuun deebiin kennamaa akka jiru ibsaniiru. Dhiyeessii meeshaalee barbaachisoo guutuu, sochii daldalaa jajjabeessuu fi gabaa tasgabbeessuuf abbootii qabeenyaa, baankotaa fi qaamolee dhimmi ilaallatu biroo waliin ta’uun hojiiwwan bu’a qabeessa ta’an hojjetamuu isaanii ibsaniiru. Yeroo ammaa kana meeshaaleen nyaataa fi oomishaaleen nyaataan walqabatan gara naannichaa galamaa jiraachuus eeraniiru. Bulchiinsa magaalaa Maqaleetti adeemsi baruu fi barsiisuu jalqabame naannichatti iddoowwan hundatti akka jalqabamuuf qophiin barbaachisaan taasifamaa jiraachuus Dr. Tewodiroos ibsaniiru. Naannoo Tigraayitti nageenyi akka cimuu fi hojiiwwan deebisanii ijaaruu akka jabaatan mootummaan federaalaa xiyyeeffannoo addaa kennee hojjechaa jiraachuu hubachiisaniiru.
Bu’aa qonnaa Itoophiyaan galmeessite kan ajaa’ibsiifatamudha - Sagantaa Nyaata Addunyaa
Oct 27, 2026 170
Onkololessa 17/2019 (ENA): Mootummaan Ityoophiyaa wabii nyaataa mirkaneessuufi wabii nyaataa mirkaneessuuf carraaqqiin taasisaa jiru kan galateeffamu ta’uu Itiyoophiyaatti Daarektarri Sagantaa Nyaata Addunyaa Zilaataan Milisiik ibsaniiru. Afrikaa keessatti biyya omishtuu qamadii olaanaa taate Itoophiyaan, wabii nyaataa fi birmadummaa damee qonnaa mirkaneessuuf tattaaffii gooteen bu’aa qabatamaa galmeessitee jirti.   Keessattuu hojii irra oolmaan misooma qamadii jallisii Bonaa, Sagantaa maaddii guutuun, fi qonna haaraa gara oomishtummaatti jijjiiruun hanqina nyaataa kanaan dura ture salphisuuf gargaareera. Tooftaaleen misoomaa hunda galeessa ta’an kunneen biyyattiin nyaataan of danda’uu bira darbee fedhii namoota biyyoota biroo guutuuf tattaaffii taasiftu bu’uura cimaa kaa’aniiru. Kanarraa kan ka’e Itiyoophiyaan birmadummaa nyaataa ishee bu’a qabeessa ta’een mirkaneessaa akka jirtu hojiin jajjabeessaan damee kanarratti galmaa’e ragaadha. Daarektarri Sagantaa Nyaata Addunyaa Itiyoophiyaa Zilaataan Milisik, Itiyoophiyaan damee qonnaatiin guddina olaanaa fi dinqisiisaa agarsiisaa jirti jedhan. Mootummaan teeknooloojii, bu’uuraalee misoomaa, bulchiinsa bishaanii, fi dameewwan ijoo guddina qonnaa deeggaran irratti invastimantii guddaa akka taasise hubachiisaniiru. Fayyadama sanyii omisha olaanaa fi lafa kanaan dura hin misoomne gara lafa oomishaatti jijjiiruun jijjiiramni guddaan galmaa’uu isaa hubachiisaniiru. Jallisii, sirna bulchiinsa bishaanii fi bulchiinsa lolaa misoomsuuf tattaaffiin taasifamuus hubachiisaniiru. Itti fayyadamni teeknooloojii qonnaa biyyattiin oomishaalee baay’ee oomishuuf, oomishtummaa akka dabalu taasisuus hubachiisaniiru. Itoophiyaatti omishni waggoota kurnan duraa waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu dachaa kudhaniin akka dabale, oomishaaleen hedduun oomishamaa akka jiran hubachiisaniiru. Dhiyeessiin nyaataa biyyattii yeroo ammaa dabalaa akka jiru eeruun, galteen alaa hir’achaa akka jiru himuun, dandeettiin al-ergii dabalaa akka jirus hubachiisaniiru. Bu’aan gaariin damee qonnaa keessatti galmaa’aa jiru kun invastimantii deeggaruun damichi gahumsa akka qabaatu kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru. Dandeettii dandamachuu hawaasaa guddisuu, hammatama faayinaansii mirkaneessuu, qonnaan bultoota gabaa waliin wal qunnamsiisuuf tattaaffiin taasifamu cimee itti fufuus ibsaniiru. #Mootummaa Ida’amuu #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa Miseensa Maatii Miidiyaa Dijiitaalaa ENA ta’aa https://www.ena.et/web/links
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Afriikaan sirna teeknooloojii dijitaalaa ofiin to’achuu dandeessu ijaaruun birmadummaa teeknooloojii ishee mirkaneessuu qabdi - Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad
Oct 24, 2026 522
Onkololeessa 14/2019 (ENA)-Afriikaan dandeettii ishee walitti fiduun, sirna teeknooloojii dijitaalaa ofiin to’achuu dandeessu ijaaruun abbummaa teeknooloojii ishee mirkaneessuu qabdi jedhan Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad. Itiyoophiyaan hulaa galaanaa argachuun ishee dhimma birmadummaa fi jireenya ummata miliyoona 130 ta’uu isaa ibsaniiru. Sagantaan baniinsa waltajjii Foramii Xaanaa 12ffaa magaalaa Bahaar Daar qarqara haroo xaanaatti mata-duree “Karaa Nagaa Afriikaa Keessatti; birmadummaa dinagdee fi jijjiirama Jji’oo-siyaasaa” jedhuun eegalameera. Afriikaa keessatti furmaata nageenyaa sadarkaa ardiitti maddisiisuun, birmadummaa dinagdee fi jijjiiramni ji’oo-siyaasaa ajandaawwan Foramii Xaanaa baranaa irratti xiyyeeffatudha. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad yeroo kanatti, keessummoota Iiytoophiyaa, biyya seenaa durii qabduu fi Bahaar Daar, bakka madda Abbayyaa ta’etti argaman baga nagaan dhuftan jechuun simataniiru. Foramiin Xaanaa nageenyaa fi tasgabbii Afriikaa irratti mari’achuuf waltajjii ardii Afriikaaf murteessaa ta’uu isaa ibsaniiru. Rakkoolee Afriikaa keessatti umaman hunda to’achuun akka hin danda’amne ibsanii, dandeettii lammiileen rakkoolee dandamachuu cimsuun garuu dirqama keenya ta’uu hubachiisaniiru. Nageenyaa fi misooma waaraa Afriikaa keessatti mirkaneessuuf, jalqaba nageenya lammiilee eeguun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. Walitti bu’insa marii fi walii galteen hiikuuf aadaa gaarii horachuun nageenya waaraa mirkaneessuuf murteessaa ta’uu kan ibsan Ministirrri muummee, waltajjiin Foramiin Xaanaa marii qofaan osoo hin daangeffamiin tarkaanfii qabatamaa fudhachuu akka qabu dubbataniiru. Afriikaan nageenya ishee ofiin murteessuu qabdi kan jedhan Ministirri muummeen, xiyyeeffannoon keenya ummata keenya irratti ta’uu qaba jechuun ibsaniiru. Itiyoophiyaan nageenyaa fi misooma walitti hidhuun, hidha haaromsa guddicha xumuruudhaan humna elektirikii biyyoota ollaa isheefis dhiyeessaa jiraachuu dubbataniiru. Dabalataanis, yeroo dhihoo keessatti warshaa qulqulleessa albuudaa banachuun albuuda Afriikaa qulqulleessuuf gumaacha akka taasisu ibsaniiru. Afriikaan dandeettii ishee walitti fiduu akka qabdu kan hubachiisan Ministirri muummeen, sirna teeknooloojii dijitaalaa ofiin to’achuu dandeenyu ijaaruun abbummaa teeknooloojii keenya mirkaneessuu qabna jedhaniiru. Itiyoophiyaan Yunivarsiitii Nam-tolchee (AI) Ida’amuu ijaaruu irratti argamuu ishee kan ibsan Ministirri muummee, Yuunivarsiitichi Afriikaanota dabalatee namoota hedduu hirmaachisuu akka danda’u dubbataniiru. Itiyoophiyaan hulaa galaanaa argachuun ishee dhimma abbummaa biyyaalessaa fi jireenya ummata miliyoona 130 ta’uu isaa irra deebi’anii ibsaniiru. Itiyoophiyaan biyyoota ollaa waliin ta’uun hojjechaa jiraachuu kan eeran Ministirri muummee, naannoon Daldala Bilisaa Ardii Afriikaa hojiirra ooluu akka qabu hubachiisaniiru. Itiyoophiyaan sagantaa Ashaaraa Magariisaa (Green Legacy Initiative) jalatti biqiltuuwwan biliyoona hedduutti lakkaa’aman dhaabuu ishee kan ibsan Muummeen Ministiraa, misoomni karaa nagaa isa ijoo ta’uu dubbataniiru.
Magaalaa Ambootti bulchiinsi lafaa tajaajila dijitaalaan deeggaramee kennuunsaa tajaajila si’ataa akka argannu nu gardaareera
Oct 23, 2026 376
Onkoloolessa 13/2019 (ENA)- Naannoo Oromiyaa magaalaa Ambootti bulchiinsi lafaa tajaajila dijitaalaan deeggaramee kennuunsaa tajaajila si’ataa akka argannu nu gardaareera jechuun dubbatan tajaajilamtoonni. Riippoortarri ENA biiroo bulchiinsa lafaa magaala Ambootti argamuun kenniinsa tajaajilaa ilaalchisuun tajaajilamtoota dubbiseera. Tajaajilamtoonni guyyaa kana tajaajila argachuuf dhufan kenniinsi tajaajilaa dijitaalaan erga ta’ee booda tajaajila si’ataa fi ariifataa argachaa jirra jedhaniiru. Isaan keessaa obbo Xibabee Yimaanee yaada kennaniin Kanaan dura dhimmoota mana jireenyaan wal qabatan raawwachiifachuuf torban lamaa fi sadii fudhachaa akka ture yaadachiisanii, amma yeroo gabaabaatti tajaajilamaa jirra jedhaniiru. Kenniinsi tajaajila dijitaalaa eegalame kun yeroo fi humna akkasumas hojmaata gaarii maallaqa qusatu ta’uu dubbataniiru. Obbo Biraanuu Tasfaayee, kaartaa lafaa argachuuf gara waajjirichaa dhufuusaanii ibsanii, battalatti keessummeeffamuusaanii dubbataniiru. Kanaan dura tajaajila akkasii argachuuf nuffidiidaa akka ture yaadachiisanii, amma garuu hojmaanni ammayyaa fi si’ataa diriifamuusaa galateeffataniiru. Magaalaa Ambootti tajaajila galmee kaadaastaraa bulchiinsa lafaa argachuuf kan dhufan adde Wayinisheet Atoomsaa tajaajilli teeknooloojiin deeggarame kun bu’aa bayii Kanaan dura ture hambiseera jedhan. Ogeeyyota tajaajilaa jiran galateeffatanii tajaajilli akkasii cimee itti fufuu qaba jedhan. Bulchiinsa lafaa magaalaa Ambootti ogeessi galmeessa kaadaastaraa Malkaa Araggaa, sirni kaadaastaraa kun qabeenya lafa magaalichaa sirnaan bulchuurra darbee tajaajilamtootaa haala mijataa uumuusaa ibsaniiru. Bulchiinsa magaalaa Ambootti namoonni kuma 11 ol sirna ammayyaan galmeeffamanii kaartaa lafaa fudhachuusaanii ragaaleen ni eeru. See less
Yuunivarsiitiin Finfinnee Hayyoota 10’f guddina sadarkaa piroofeesarummaa guutuu mirkaneesse
Oct 23, 2026 721
  Onkoloolessa 13/2019(ENA) Boordiin Bulchiinsaa Yuunivarsiitii Finfinnee guddina sadarkaa piroofeesarummaa guutuu mirkaneesseera. Boordichi murtoo kana kan dabarse walga'ii kaleessa gaggeessaniini. Guddinni sadarkaa kun bu'aalee fi gumaacha ol'aanaa hayyoonni kunniin barnoota fi tajaajila akadaamii, qorannoo fi tajaajila hawaasummaa irratti galmeessan irratti hundaa'uun kan kenname ta'uu yuunivarsiitichi beeksiseera. Bu’uuruma Kanaan: Dr.Abrahaam GabreeTekkaaleenyi – Istiraakcharaal Injiinaringiin, Dr.Adaanee Bitaw Tagnyi– Medikaal Maayikiroobaayoolojiitiin, Dr. Adeey Felleqee Dastaa–Invaayiroonmentaal Maayikiroobaayoolojiin, Dr. Dassaaleny Yaayyeehii Ayyaal – Diizaaster riski manaajimantiin, Dr. Haayileli'uul Nugusee Dubbaalee – Veeterinaarii Eepideemiyaalojii Dr. Kaasaa Mikaa'el W/Yesuus – Barnoota Herregaa Dr. Salamoon Gannet Gabree – Baayyookeemistrii Dr. Salamoon Ara'aayaa Kaasaa – Barnoota Waliigalaa (General Education) Dr. Yaregaal Assaabee Laaqee – Arfiishaala Intaallajensii Dr. Yedilfaanaa Sexxe'argee Mekonnin – Fiizikaal Keemistrii (Physical Chemistry) Milkaa'inni kun gumaacha yuunivarsiitichi fooyyinsa akkadaamii, qorannoo fi kalaqa haaraa akkasumas tajaajila hawaasaaf kennaa jiruus fi kanaan dura kennees kan agarsiisu ta'uun ibsameera. Yuunivarsiitiin Finfinnee hayyoota sadarkaa ol'aanaa akkadaamiikii kanaaf ga’aniif baga gammaddan jechuun, fuulduraafis milkaa'ina akkadaamii, qorannoo fi tajaajila jalqabame kana cimsuun akka itti fufsiistan waamicha dhiyeesseera
Dhaabbanni qorannoo Qonna qulumsaa bu’aa qabeessummaa fi oomishtummaa qamadii dabaluuf qorannoo teekinooloojiin deeggarame gaggeessaa jira
Oct 20, 2026 986
Onkoloolessa 10/2019 (ENA) Dhaabbanni qorannoo Qonnaa Qulumsaa bu'aa qabeessummaa fi oomishtummaa qamadii mirkaneessuuf tattaaffii taasifamu teeknoolojiiwwan haaraa qorannoodhaan maddisiisuun deeggaraa akka jiru beeksise. Guyyaan Daawwannaan misooma qamadii biyyaalessaa Godina Baha Oromiyaa Aanaa Xiyyoo fi Giddu-gala Qorannoo Qulumsaatti gaggeeffameera. Daayirektarri Giddu-gala Qorannoo Qonnaa Qulumsaa Obbo Shimallis Alamaayyoo akka ibsanitti, giddu-galichi sanyii qamadii jalqabaa dhibbeentaa 80 ol ta’u lafa qorannoo isaa fi ooyruu qonnaan bultootaa irratti baay'isaa jira. Akka Obbo Shimallis jedhanitti, giddu-galichi sanyii baay’isuu malees, Sanyii qamadii ilbiisota oomishtummaa qamadii hir'isuu danda'an dandamachuu danda'an sanyii baay'isuu irratti hojjechaa jira.   Dabalataanis, sanyiiwwan qamadii hongee fi ho’a dandamachuun ooomisha gaarii kennan baay’isuudhaan qonnaan bultootaa fi horsiise bultootaaf bal'inaan geechisaa jiraachuu eeranii; kanaafis qamadii jallisii bonaa fi sanyiiwwan qamadii naannoo gammoojjii giddu-gala kana irraa qorannoodhaan kan bahan ta’uu ibsaniiru. Kaniinis, biyya keenyatti oomishtummaa qamadii dabaluu irratti shoora olaanaa taphachaa akka jiran ibsuun sanyii qamadii ka’umsaa kuntaala kuma shanii ol baay'isuun waggaa waggaadhaan dhaabbilee oomishtootaa fi fayyadamtootaaf dhiyeessaa jiraachuu ibsaaniiru. Keessattuu dandeettia ogeessota qamadii cimsuu irratti hojjechaa akka jiran kan ibsan Obbo Shimallis, kanaafis hojiiwwan hedduun raawwatamaa jiraachuu eeraniiru. Bu’aa oomishtummaa fi qorannoo qamadii irratti dhufeef kutannoon mootummaa fi hordoffiin akkasumas deeggarsi hoggansaa itti fufinsa qabu shoora guddaa qabaachuu ibsaniiru. Inistitiyuutii Qorannoo Qonnaa Itoophiyaatti Daayirektarri bakka bu’aan daarektara Misooma Misooma midhaanii Dr.Fiqaaduu Gurmuu akka ibsanitti, inistitiyuutichi misooma qamadii irratti teeknoolojiiwwan haaraa hojii irratti akka oolan qooda fudhattootaaf dhaqqabsiisuun omishtummaa irratti jijiiramni qabatamaan akka dhufu qooda isaa bahachaa jiraachuu dubbataniiru. Keessattuu jallisii bonaa fi naannoolee gammoojjii biyyattii keessatti qamadiin jallisiidhaan bal'inaan akka oomishamu gochuun oomisha qamadiitiin of danda'uu keenya irratti shoora guddaa taphachaa akka jiran ibsaniiru. Teeknoolojii maddisiisuu fi babal'isuun, keessattuu sanyiiwwan qamadii jalqabaa bal'inaan baay'isuu fi gahaa gochuudhaan guddina oomishtummaa qamadii irratti bu’aa qabatamaan akka dhufu gumaacha bahaa jiru caalaatti cimsuudhaaf kaayyeffatee guyyaan daawwannaa biyyaalessaa gaggeeffamuu eeraniiru. Itti dabaluudhaanis, dhaabbileen qorannoo, yunivarsiitiiwwanii fi qooda fudhattoonni hedduun shoora guddaa qabaachuu isaanii ibsaniiru. Daawwannaa kana irratti hoggantoonni damichaa, qorattoonni, bakka bu'oota Yunivarsiitii, Qonnaan Bultoonni fi qooda fudhattoonni biroos hirmaataniiru.
Ispoortii
Taphni Arsenaal fi Nottingiham Forest, akkasumas Manchesteer yuunaayitidii fi Liidsi yuunaayitid Sagantaawwa hawwiin eegamanidha
Oct 18, 2026 787
Onkoloolessa 8/2019 (ENA) Taphoota torbee 7ffaa Piriimeer Liigii Ingilaandi guyyaa lammaffaa har'a taphooni afur ni gaggeeffamu. Galgala sa'aatii 12 fi daqiiqaa 30 irratti Nottingiham Foresti Arsenal waliin Istaadiyeemii Siti Giraawundiitti ni taphatu.   Nottingiham Forest qabxii shan qabaachuudhaan sadarkaa 17ffaa irratti argama. Shaampiyooniin liigii yeroo ammaa Arsenal qabxii 15 dhaan sadarkaa lammaffaa irratti taa'eera. Keessummeessaan Foresti taphoota liigii darban lamaanmoo injifatamuu dabarsaniiru. Sagantaan kun gara injifannoo deebi'uuf kan taasifamu dha. Torbee ja'affaatti Leedsi United 2 fi 1 injifachuun gara injifannoo deebi'e Arsenaal deemsa injifannoo isaa itti fufuuf ni tapha. Arsenaal yoo injifatan garagaraa qabxii Liigii durfamaa Manchester Siitii waliin qaban gara sadiitti gadi buusu. Sagantaa biraa irratti Liidsi yuunited Manchester yuunaayitid waliin Istaadiyeemii ayilaandi Rooditti waaree booda sa'aatii 10 irratti tapha isaanii ni gaggeessu. Keessummeessaan Leedsi qabxii sagal qabaachuudhaan sadarkaa 8ffaa irratti argama. Dorgomaan isaa Manchisteer Yuunaatid qabxii ja'aan sadarkaa 14ffaa irratti argama. Liids yuunaayitid taphoota lamaan darban, Manchister yuunaayitid immoo sagantaawwan liigii afur darban injifachuu hin dandeenye. Kilaboonni lamaan gara injifannoo deebi'uuf tapha taasisan dorgommii wal-madaalaa akka qabu ni eegama. Sagantaawwan biroo irratti Birayitan Kiristaal Paalaas waliin, akkasumas Boornimaawuz Sanidar Laandi waliin walduraa duubaan waaree booda sa'aatii 10 irratti tapha isaanii ni taasisu.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Ergaa Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad dabarsan:
Oct 13, 2026 1052
Inistitiyuutii Metiworooloojii Itoophiyaa daawwachuuf carraa argadheen ture. Dhaabbatichi tajaajila raaga qilleensaa guutuu kennuudhaan dhaabbata humna misoomaa biyyattiif hojiiwwan murteessaa ta'an hojjechuudhaan umurii bara dheeraa qabudha. Daawwannichaan haala qilleensaafi amala qilleensaa jijjiiramaa jiru ilaalchisee haalota hubachuufi deebii kennuudhaan humna qabnu cimsuudhaaf odeeffannoo meetiriiwooloojii funaanuun, qorannoon saayinsaawaafi guddinni teknooloojii faayidaa olaanaa qabu kan mirkaneesse ta'uu argeera.   Dhaabbilee akka Inistitiyuutii Metiworooloojii Itoophiyaa jiran cimsuun baay'ee barbaachisaadha. Tajaajiloota dameewwan ijoo akka qonnaa, bishaan, fayyaa, aviyeeshiniifi hooggansi hojii yaaddoo balaa itti hirkatan fooyyessuuf ijaarsa dandeettii humna namaa, teknooloojiiwwan ammayyaafi misooma bu'uraa odeeffannoo irratti qabeenya ramadanii hojechuun murteessaadha. Keessaayyuu balaawwan dursanii tilmaamuuf, naannaawwan kamitti dafanii qaqqabuun caalaatti akka barbaachisu murteessuuf akkasumas karaa wayitawaa fi bu'a-qabeessa ta'e akka sochoonu gochuuf faayidaa sirnoonni dursanii akeekkachiisuu qaban najajjabeesseera. Odeeffannoo amansiisaan gara qajeelfamoota qabatamaatti yoo jijjiiramu lubbuu baraara; qabeenya kunuunsa, akkasumas murtii fooyya'aa kennuuf gargaara. Hojiin akkasii saatalaayitii ilaaluu bira kan darbudha. Hojichi odeeffannoowwan funaanamanii, qindaawwaaniifi qaacceffamanii tarkaanfii wayitaawaa fudhachuuf akka gargaaran, buufatawwan funaansa odeeffannoofi man'ee giddugala odeeffannoo ciccimoo guutummaa biyyattiitti argaman irraattis kan hundaa'edha.
Harka Lammiilee isheen Dachee Laliste -Itoophiyaa
Sep 22, 2026 3251
Waggoota kurnan darban keessa uwwisni bosonaa ishee baay’ee haphatee ture. Haalli kunis biyyattii jijjiirama haala qilleensaa fi eegumsa naannoof qormaata itti ta’aa tureera. Kaka’umsa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin ifatti bara 2011 kan jalqabame sagantaan ashaaraa magariisaa bu’aa olaanaa fidaa jira. Sagantaa ashaaraa magariisaa kanas ummanni Itoophiyaa qajeelfama hoggansa isaa fudhachuun duulaan biqiloota dhaabuun adda duree akka ta’e Zegaardiyaan gabaasa isaa keessatti bal’inaan ibseera. Haliimaa Kadir yeroo jalqabaaf gaafa biqiltuu dhaabuu jalqabdu namoonni akka ishee shakkanii fi itti qoosan akka turte illee Zegaardiyaan gabaasa isaa keessatti eereera. Biqiloonni dhaabaman kunniin muuzii,zayituunaafi Giraaviiliyaa, akkasumas gosoota kuduraa fi muduraa adda addaan oyiruu uwwifame bira teessoo mukaarra teessee gaafa biqiltuu dbaabuuf jettu sana gara duubatti yaadatti. Olloonni koo abdii na kutachiisanii ture jetti. Garuu waan ajaa’ibaa hojjette. Namoota Tokkoo tokkoo isaaniif ifaajii homaa hin baafne itti fakkaatee ture;garuu booda biqiloonni dhaabaman kunniin jijjiirama qilleensaa fi wabii nyaataa mirkaneessuuf furmaata ta’ee gaafa argamu dhugaa jiru hubachaa dhufuu isaanii ibsiti. Naannoo Oromiyaa aanaa Barbareetti kan kan argamtu Haliimaa Kadir umuriin waggaa 35 kan taate,biqiloota kumaatamaan lakkaa’aman dhaabuun eegumsa naannoof modeela taateetti. Biyya akka Itoophiyaa mancaatiin bosonaa mudatuti hojiin Haalimaa salphaa hin turre; ija jabina naamusaa fi cimina guddaa gaafata ture. Amma garuu wanti hundi jijjiirameera jetti Haalimaan. Biqiltoonni isheen dhaabde guddachuu fi naannoon ishee magariisa ta'aa dhufuun, warri jalqaba abdii kutachiisuuf yaalan illee hojii cimaa fi kutannoo ishee akka dinqisiifatan ibsiteetti. Haalimaaf biqiltuun isheen dhaabdu muka ofii isaatii irra darbee hiika qaba; isaanis hiriyyoota ishee dhiyootiin akkasumas qormaata hawaasa ishee addunyaa irratti jijjiirama qilleensaaf saaxilamoo ta’an keessaa tokko ta’eef furmaata ta’anii ilaalamu. Akkuma ‘The Guardian’ gabaasetti; Itiyoophiyaan babal’ina qonnaa, biqiltuu qoraaniif oolan fi itti fayyadama cileef irraa kan ka’e uwwisa bosona ishee bal’aa dhabdeetti. Kunis heddummina lubbu qabeeyyii, gabbina biyyee fi qabeenya bishaanii irratti miidhaa guddaa kan geessise yoo ta’u, balaawwan haala qilleensaatiin walqabatan hammeesseera. Inishiyeetiiwwan hedduu mootummaan Itiyoophiyaan eegalte keessaa tokko kan ta’e Ashaaraa Magariisaan, jijjiirama qilleensaa fi mancaatii bosonaa hir’isuu keessatti gahee olaanaa taphateera. Gabaasni kun akka mul’isutti waggoota torban darban keessatti biqiltuun biiliyoona 48 ta’u sagantaa kanaan dhaabameera, kan amma jiru osoo hin dabalatiin jechuudha. Ollaan Haalimaa Faxee Abdullaahi milkaa’ina Haalimaa erga argitee booda eegumsa naannoo irratti hirmaattetti. Isheenis nuti akka hin dogoggorre nutti agarsiifte jechuun Haalimaa jajuun, rakkoon furmaata biyya keessaatiin rakkoo addunyaa furuun furuun akka danda’amu agarsiisuudhaan fakkeenya taatee jirti jette. Hawaasni Oromoo daa’ima nama biraa irraa dhalate abbaa fi haadha uumamaa ykn walitti dhufeenya dhalootaa tokko malee fudhachuun akka dhala ofiitti guddifachuun, akka ilmoo ofiitti guddisee, faayidaa dinagdee fi hawaasummaa isaa eeguun aadaa qaba. Ummanni Oromoo biqiltuu akka ilmoo isaatti ilaala. Haalimaan duudhaa kana irraa ka’uun biqiloota dhaabuun kunuunsuun akka ishee gargaare ibsiteetti. Akkasumas walitti dhufeenya ijoollee ishee waliin qabdu miira haadhummaa waliin walqabsiistee jirti. ''Akkuma aadaa keenya keessatti ijoollee guddifnu, biqiltuus akka ijoollee kootti nan ilaala,'' jetteetti. Naannoo hanqinni bishaanii hamaan jiru keessa kan jiraattu Haalimaan gara sa'aatii tokkoo deemtee biqiltuu ishee bishaan obaasti. Ilmi Haalimaa ganna 13, Anwaar Hasan, haadha isaatti akka boonu ibsuun, kaayyoo ishee hordofuu akka barbaadu dubbata. Jijjiirama qilleensaa ittisuuf umurii guutuu waadaa galuu akka barbaadus himeera. Maatiin fi dubartoonni kumaatamaan lakkaa’aman ganda naannoo sana jiranis sagantaa biqiltuu dhaabuu kana irratti hirmaataniiru. Akka qorattoonni naannoo fi ogeeyyiin jedhanitti, gosoonni mukaa dhalootaan maatii fi dhaabbilee adda addaatti raabsaman hedduun isaanii guddataniiru. Naannolee gammoojjii fi haala qilleensaaf miira qaban keessatti tattaaffiin kun hawaasni jijjiirama qilleensaa caalaatti akka dandamatu gargaaruu danda’a. Qindeessaan Sagantaa Biyyaalessaa ‘REDD+’ Misooma Bosonaa Itiyoophiyaa Doktar Xibabuu Mogas sagantaa dhaabbii biqiltuu hanga ammaatti milkaa’inni guddaan argame badda dareetti ta’uu dubbatu. Itiyoophiyaan jijjiirama qilleensaa ittisuuf kutannoon hin raafamne akka biyyaattis ta’e idil-addunyaatti guddachaa fi babal’achaa dhufeera. Miidiyaa Dijitaalaa ENA hordofaa- https://www.ena.et/web/links
Raaga haala Qilleensaa bal'inaan dhaqqabamaa taasisuun qophii gahaan akka jiraatuuf dhiheenyaan hojjetamaa jira
Sep 18, 2026 2548
Fulbaana 8/2019 (ENA) Odeeffannoo raaga haala qilleensaa bal'inaan dhiyeessuun qophii fi offeeggannoo duraa akka jiraatuuf dhiyeenyaan hojjetamaa jiraachuusaa Inistitiyuutiin Meetiroloojii Itoophiyaa beeksise. Inistitiyuutichi gamaggama haala qilleensa gannaa fi raaga haala qilleensa bonaa fuulduraa hirmaannaa qooda fudhattootaatiin Adaamaatti gaggeessaa jira. Daarektarri Olaanaan Inistitiyuutichaa Dr.Faxxanaa Tashoomaa akka jedhanitti, Inistitiyuutichi misoomawwan hawaasummaafi dinagdee biyyaattif faayidaa kan qaban raaga haala qilleensaa yeroo gabaabaa fi dheeraa yeroosaa eeggatee dhiyeessuun gaheesaa ba'achaa jira.   Odeeffannoon kunneen keessattuu dameelee Qonnaafi misooma jallisiif, Bulchiinsa qabeenya bishaaniif, hir’ina sodaa balaatiif,Aviyeeshinii fi geejibaatiif ,Barnootaafi fayyaaf gaggeesuuf murteessaa ta’uusaanii ibsaniiru. Akkasumas,odeeffannoo haala qilleensaa yeroosaa eeggatee fi amansiisaa ta'e uummataafi qooda fudhattootaaf dhiyeessuun misoomaa fi guddina biyyaatiif murteessaa ta'uu isaafi hojiin kun cimee kan ittifufu ta'uu ibsaniiru. odeeffannoo raaga haala qilleensaa yeroodhaan dhiyeessuun qophii fi deebii sirrii kennuuf kan gargaaruudhas jedhan. Qooda fudhattoonnis odeeffannoo kanatti fayyadamanii tarkaanfii qophiitiif akka itti fayyadaman waamicha dhiyeessaniiru. Gara biraatiin, raaga haala qilleensa Bonaa kan dhiyeessan Itti Aanaa Daarektara Inistitiyuutichaa Dr.Asaamminnoo Tashoomaa akka ibsanitti,Bona dhufu kanatti naannowwan horsiise bulaatti haalli qilleensaa misooma qonnaatiif mijaawaa ta'ee fi roobni gaariin akka jiraatu ibsaniiru. Naannoowwan kunniin rooba kana jalqaba baatii Onkololeessaatii jalqabanii kan argatan ta'uun ibsameera. See less  
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 33399
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti - Itti aanaa Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa
Jun 9, 2026 23282
Waxabajji 2 /2018 (ENA): Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti jedhani itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan muummee ministiraa Pirojektoota misoomaa adda addaa magaalaa Woldiyaatti ijaaraman eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Yeroo eebba kanaatti pirojektoonni misoomaa eebbifaman imala biyyattiin gara fuulduraatti taasiftu kan agarsiisan yoo ta’u, guddinni Itiyoophiyaa eenyullee dhaabuu akka hin dandeenye kuni ragaadha jedhan. Itti aanaan ministira muummee kun ummanni magaalaa Woldiyaa finxaaleyyii fi qoqqoodinsa mormuudhaan kan beekamu ta’uu ibsuun, filannoon isaanii irra deddeebiin nagaa fi mootummaa cimaa ta’uu isaa kan argisiisu ta’uu ibsaniiru.   Mootummaan baandota irratti qabsaa’aa jira jedhani. Waggoota 50 fi 60 darbaniif warri yaada dulloomaatiin qabaman guddina ariifataa biyyattii hubachuu akka hin dandeenyes ibsaniiru. Warri bosona keessa jiran jijjiirama guddaa biyyatti dhufe kan akka misooma koridarii, maaddii guutuu, pirojektoota misoomaa fi oomisha qamadii arguu akka hin dandeenye dubbataniiru. Misoomni koridarii magaalota keessatti gaggeeffamaa jiru dhimma bareedinaa qofa osoo hin taane magaalota ammayyeessuun sadarkaa jireenyaa ummataa ol kaasuuf kaayyoo ta’uu ibsaniiru. Magaalonni Itiyoophiyaa magaalota Baha Afriikaa fi addunyaa waliin dorgomuu akka qaban ibsaniiru; akkasumas tajaajila ammayyeessuuf tajaajilli giddugala tokkoo guutuu biyyattiitti babal’achaa akka jiru hubachiisaniiru. Manneen kitaabaa ummataa, manneen kitaabaa dijitaalaa fi kaffeewwan saayinsii magaalaa Woldiyaatti ijaaraman odeeffannoo guyyaa guyyaa irraa gara beekumsaa fi qorannoo gadi fagootti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan, abbootii qabeenyaa fi ummanni pirojektoota misoomaa eegalaman gara baadiyyaatti babal’isuun badhaadhina biyyattii dhugoomsuuf waliin hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 19760
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015