ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Itiyoophiyaan riijinicharra darbee biyyoota Afriikaaf humna elektiriikaa dhiheessuun badhaadhina waloo Afriikaa mirkaneessuuf hojjechaa jirti
Feb 14, 2026 0
Guraandhala 7/2018 (ENA)- Itiyoophiyaan riijinicharra darbee biyyoota Afriikaaf humna elektiriikaa dhiheessuun badhaadhina waloo Afriikaa mirkaneessuuf hojjechaa akka jirtu ministirri muummee FDRI doktar Abiyyi Ahimad ibsan. Yaa’iin hoggantoota gamtaa Afriikaa 39ffaan kun mata duree “ dhiheessiin bishaanii fulla’aa fi sirnoota eegumsa qulqullinaa nageenyisaa eegame mirkaneessuun,milkaa’ina galmoota ajandaa 2063” jedhuun gaggeeffamaa ira. Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad baniinsa sagantichaarratti dubbii dubbataniin, keessummoonni gara dachee dur-durii gara Itiyoophiyaa baga nagana dhuftan jedhaniiru. Bishaan qabeenya ta’uurra darbee bu’ura misoomaa, kalaqaa fi tasgabbii ta’uu ministirri muummee dubbii dubbataniin ibsaniiru. Itiyoophiyaan mul’ata bishaan Afriikaa 2025 bu’ureffachuun itti fayyadamni bishaanii itti gaafatamarratti hundaa’e faayidaa misoomaaf qabu hojiin agarsiisaa akka jirtu dubbataniiru. Kanaaf ammoo hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi mana keessattii fi industiriif madda anniisaaf ooluun gamatti, biyyoota ollaaf humna ibsaa dhiheessuun badhaadhina waloo Afriikaa kan mirkaneessu bu’aa tooftaa qabeessa ta’uu eeraniiru. Dinagdeen Afriikaa Kan Isiyaa waliin walqixa jechuun haala danda’amuun guddachaa akka jiru ministirri muumee ibsanii, Itiyoophiyaan xumura bara bajataa kanatti dhibbantaa 10 tuqaa 2 akka guddattu eeraniiru. Afriikaan A.L.A bara 2035 addunyaarraa humna namaa dargaggoo olaanaa kan gumaachitu ta’uu eeranii, kana gara badhaadhinaatti jijjiiruuf barnoota, fayyaa fi dhiheessii nyaata madaalawaa irratti invast gochaa akka jiran ibsaniiru. Magaalonni Afriikaa magariisa, dhala namaaf mijataa fi fayyadama dargaggoo kan mirkaneessan ta’uu akka qaban eeranii, misoomni qarqara lagaa Finfinneetti hojjetaman kanaaf fakkeenya ta’uu ibsaniiru. Misoomni qarqara lagaa Finfinneetti hojjetame sararoota bishaanii faalaman gara bakka bashannana ummataa qulqulluu fi miidhagaatti jijjiiruusaa dubbataniiru. Kun ammoo balaa lolaa hir’isuurra darbee kabaja deebisuudhaan walitti hidhamiinsi hawaasummaa akka cimu gochuusaa dubbataniiru. Magaalaan Afriikaa fuula duraa kun miilaan deemuuf mijataa, magariisaa fi dargaggoota jiddugaleessa kan godhate, akkasumas kabajnii fi abbummaan kan itti dhaga’amu ta’uu akka qabu dubbataniiru. Baadiyyaattis hojmaata ammayyaa diriirsuudhaan jireenya namootaa fooyyessaa fi hawaasa gabaa waliin walitti fudaa jira jedhaniiru. Adeemsi qindaa’aan kun eegumsa naannoo fi kunuunsa haala qilleensaa misoomaan wal qabsiisa jechuun ibsaniiru. .Itiyoophiyaan sagantaa ashaaraa magariisaatiin amma ammaatti biqiltuuuwwan biiliyoona 48 ol dhaabuushee ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad beeksisaniiru. Dhiibbaan jijjiirama haala qilleensaa karaa haqa qabeessaa ilaalamuu akka qabu eeranii, Afriikaan waltajjii addunyaarratti sagalee tokkoon dubbachuu akka qabdu hubachiisaniiru.
Naannichatti hojiiwwan Fayyadamummaa Hawaasaa guddisanii fi imala Badhaadhinaa eegalame saffisiisan hojjetamaniiru
Feb 14, 2026 12
Guraandhala 7/2018(ENA)-Naannoo Oromiyaatti hojiiwwan Fayyadamummaa Hawaasichaa guddisanii fi imala Badhaadhinaa eegalame saffisiisan hojjetamuusaanii Af-yaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurahimaan ibsan. Yaa’iin Idilee 10ffaa Waggaa 5ffaa bara hojii Caffee 6ffaan Adaamaa galma Caffeetti gaggeeffamaa jira. Baninsa yaa’ichaarratti Af-yaa’iin Caffee Sa’aadaa Abdurahimaan akka dubbatanitti, Caffeen bara baajatichaa walakkaa waggaatti hojii deeggarsaa fi hordoffii gaggeessaa tureera. Kanaanis Naannichatti mootummaan fayyadamummaan hawaasaa akka guddatuuf, akkasumas imalli badhaadhinaa eegalaman akka saffisu hojiiwwan deeggaran hojjetamuunsaanii mirkanaa’eera jedhaniiru. Keessuma hundeeffama caasaa gandaa haaraan diriirfamuu, tajaajila Hawaasaaf dhiheenyatti kennuun hojiiwwan hojjetaman bu’aa qabeessa ta’uusaanii kaasaniiru. Magaalattis uummanni kenna tajaajilaarratti rakkoo yeroo dheeraaf kaasaa ture furuuf tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob babal’achaa jiraachuu dubbataniiru. Kanaanis itti quufinsi tajaajila hawaasaa guddachuu ibsuun, ummata biratti abdii guddaan uumamuu ibsaniiru. Walii gala fayyadamummaa hawaasaa guddisuuf hojiiwwan karoorfaman raawwiinsaanii kan jajjabeeffaman ta’uu Koreen dhaabbii caffee daawwannaa Dirree Aanaa, Godinaa fi magaalotatti taasisaniin mirkaneessaniiru jedhaniiru. Haala duub-deebii deeggarsaa fi hordoffiin kennamaniin raawwii hanqina qaban xiyyeeffannoo akka argatan taasifamuu Afayaa’iin kun hubachiisaniiru. Ummanni Nannichaa Filannoon waliiigalaa 7ffaa nagaa qabeessa, Dimokiraatawaa, Haqa qabeessaa fi hirmaachisaa fi akka ta’uuf qooda gamasaanii akka bahaniif waamicha dhiheessaniiru.
Itiyoophiyaan Yunivarsiitii Hubannoo Namtolchee hundeessuuf qophiitti jirti - Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimad
Feb 14, 2026 14
Guraandhala 7/2018 (ENA)- Itiyoophiyaan ogummaa damee hubannoo namtolchee irratti qabdu daran guddisuuf Yunivarsiitii hubannoo namtolchee hundeessuuf qophii irra jiraachuu doktar Abiyyi Ahimad ibsan. Yaa’iin hoggantootaa Gamtaa Afrikaa 39ffaan mata duree “Dhiyeessii Bishaanii fi Sirna Qulqullina Itti Fufiinsa Qabu Mirkaneessuu; Galmoota Ajandaa 2063 Galmaan Gahuu” jedhuun gaggeeffamuu eegaleera. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad sirna baniinsa kanarratti haasawaa taasisaniin, jijjiiramni teeknooloojii Itiyoophiyaa tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030’n kan qajeelfamu ta’uu ibsaniiru. Bu’uuraaleen misoomaa dijiitaalaa lammiilee wiirtuu misoomaa taasisan ijaaramaa akka jiran hubachiisuun, keessattuu waraqaan eenyummaan dijitaalaa biyyoolessaa Faaydaa jedhamu sirna kaffaltii fi odeeffannoo waljijjiirraa waliin qindoomuun lammiileen tajaajila gahumsaa fi nageenyi isaa eegame akka argatan taasisaa jira jedhan. Itiyoophiyaan akka lakkoofsa warra faranjootaa bara 2020tti Afrikaa keessatti Inistiitiyuutii hubannoo namtolchee isa jalqabaa hundeessuu ishee yaadachiisaniiru. Itiyoophiyaan yeroo ammaa kana yaadama ida’amuu irratti kan hundaa’e yuunivarsiitii hubannoo namtolchee sadarkaa idil addunyaa eeggate banuuf qophiirra akka jirtus ibsaniiru. Yuunivarsiitichi namaa fi maashina kan walitti fidu ta’uu eeruun, haalawwan biyya keessaa qorannoo saayinsii idil-addunyaa waliin kan qindeessu, Afrikaan bara teeknooloojii keessatti gahee mataa ishee akka galmeessitu kan dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Ce’umsi teeknooloojii kun kenniinsa tajaajilaa ammayyeessuu irra darbee, guddina diinagdee saffisiisuun hirmaannaa Afrikaa dirree teekinooloojii addunyaa keessatti cimsuu akka ta’e Ministirri Muummee mirkaneessaniiru.
Itiyoophiyaan wabii nyaataa fi sagantaa soorata daa’immanii irratti bu’aan galmeessite biyyoota Afrikaa biroof muuxannoo guddaa dha
Feb 14, 2026 19
Guraandhala 7/2018 (ENA)- Itiyoophiyaan wabii nyaataa fi sagantaa soorata daa’immanii irratti bu’aan galmeessite biyyoota Afrikaaf muuxannoo guddaa ta’uu sadarkaa itti aanaa Ministira Muummee fi itti gaafatamaa giddugala qindoomina ijaarsa sirna dimokiraasii fi itti aanaa pireezdaantii Paartii Badhaadhinaa obbo Adam Faaraah ibsani. Mariin hoggantoota sadarkaa olaanaa Afrikaatti guddina daa’immanii fi sirna dhiyeessii nyaata madaalawaa daa’immanii irratti xiyyeeffate bakka Mootiin Leesetoo fi Ambaasaaddarri sagantaa soorataa Gamtaa Afrikaa mootiin Leetisiyee 3ffaa argamanitti gaggeeffameera. Waltajjicharratti kan hirmaatan obbo Adam Faaraah, Itiyoophiyaan mala qindoomina qabu hordofuun bu’aa armaan gadii galmeessiteetti jedhan. Itiyoophiyaan guddina daa’immanii fayyaalessaa fi wabii nyaataa mirkaneessuu keessatti, hojiirra oolaa kan jiru sagantaan waadaa saqoxaa, Maaddii Guutuu, Ashaaraa Magariisaa milkaa’ina guddaa galmeessisaa jiraachuu ibsaniiru. Waadaan Saqoxaa rakkoo quucaruu daa’immanii hambiyuu fi guddina fayyaalessa ta’e ariifachiisuuf tattaaffii taasifameen haadholii fi daa’imman miliyoonaan lakkaa’aman fayyadamoo ta’uu isaanii dubbataniiru. Maaddii Guutuu fi Ashaaraan Magariisaa wabii nyaataa mirkaneessuu irra darbee, haala jijjiirama qilleensaa kan dandamatu sirna qonnaa ijaaruuf hojiin hojjetame bu’aa argamsiiseera jedhani. Mootummaan dhiyeessii nyaataa itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf tattaaffii taasisaa jiru akka itti fufus mirkaneessaniiru. Sirna nyaataa itti fufiinsa qabu deeggaruuf faayinaansiin mandhalee cimuu akka qabu eeruun, hojiiwwan haala qilleensaa dandamatan hojiirra oolchuun wabii nyaataa mirkaneessuun ni danda’ama jedhan. Dhiyeessii nyaata madaalawaa itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf waliin hojjechuun,badhaadhina Afrikaaf hundee kan ta’e misooma humna namaa irratti hojjechuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru. Itti aanaan Ministira Muummee duraanii fi dura taa’aan Boordii Faawundeeshinii Addaam, obbo Dammaqaa Mokonnin akka ibsanitti, daa’imman Afrikaa hedduun sababa hanqina nyaata madaalawaan rakkachaa jiru jedhani. Afrikaa keessatti daa’imman miiliyoona 59 ol ta’an rakkoo quucaruuf kan saaxilamanidha kan jedhan obbo Dammaqaan,kanaafis biyyoonni Afrikaa fi michoonni misoomaa kurannoodhaan galma kanaaf hojjechuu qabu jedhaniiru. Carraan fuula duraa Afrikaa fi milkaa’inni Ajandaa 2063, fayyaa fi ulfina haadholii fi daa’immanii irratti kan hundaa’u ta’uus hubachiisaniiru.
Yaa’iin hoggantootaa gamtaa Afriikaa 39ffaan gaggeeffamaa jira
Feb 14, 2026 26
Guraandhala 7/2018 (ENA)- Yaa’iin hoggantoota gamtaa Afriikaa 39ffaan har’aa teesoo gamtichaa magaalaa Finfinneetti gaggeeffamuu eegaleera. Baninsa yaa’ichaarratti Dura taa’aan komishinii Gamtichaa Mahaammud Alii Yusuuf, Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahimad, Ministira Muummee Xaaliyaan Joorjiyaa Meelonii, Barreessaa olaanaa Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutareez , hoggantoonni biyyoota Afriikaa fi keessummoonni biroon argamaniiru. Yaa’ichi mata duree “Dhiheessii Bishaanii fulla’aa fi Sirna qulqullina nageenyisa eegame mirkaneessuu milkaa’ina galma Ajandaa 2063f ’’jedhuun gaggeeffamaa jira. Hoggantoonni kun kan marii’atan Ajandaalee Manni maree hojii raawwachiiftuu gamtaa Afriikaa 48ffaa walga’ii idileen iraatti marii’aterrattidha. Nageenya bishaanii fi eegumsa qulqullinaa, hojiirra oolmaa ajandaa 2063 fi walitti hidhamiinsa, misooma hawaasummaa fi dinagdee, misooma humna namaa, riifoormiiwwan dhaabbataa fi faayinaansii, tumsa riijinii fi qooda Afriikaan waltajjii Addunyaarratti qabdu ajandaa marii keessatti eeramanidha. Yaa’iin Hoggantootaa gamtaa Afriikaa 39ffaan hanga boruutti ni tura.
Siyaasa

Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad Pirezidaantii Rippaabilika Moozaambikii Daani’eel Chaappoo waliin marii’atan
Feb 14, 2026 23
Guraandhala 7/2018(ENA)-Minisrirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad Pirezidaantii Rippaabilika Moozaambikii Daani’eel Chaappoo waliin misooma Magaalaarratti, Qonna, nageenyaa fi tasgabbii, dabalatee hojiiwwan dursa kennamaniif keessaa carraawwan tumsaa cimaa adda baasuuf marii gam-lamee gaggeessaniiru. Ministirri Muummee Ergaa fuula miidiyaa hawaasummaasaaniin dabarsaniin pirezidaanticha waliin misooma Magaalaarratti, Qonna, nageenyaa fi tasgabbii, dabalatee hojiiwwan dursa kennamaniif keessaa carraawwan tumsaa cimaa adda baasuuf marii gam-lamee gaggeessineerra jedhaniiru.
Ministirri Muummee Iswaatiinii Ruuseel Miisoo Dilaamiinii Finfinnee dhufan
Feb 14, 2026 16
Guraandhala 7/2018(ENA)- Ministirri Muummee Iswaatiinii Ruuseel Miisoo Dilaamiinii yaa’ii hoggantoota Gamtaa Afrikaa 39ffaa irratti hirmaachuuf Finfinnee dhufaniiru. Ministirri muummee kun yeroo Buufata xiyyaaraa Idil-Addunyaa Boolee gahan Ministira Aadaa fi Ispoortii Shawwiit Shaankaa simannaa taasisaniiru. Yaa’iin hoggantootaa Gamtaa Afriikaa 39ffaan mata duree “Dhiheessii Bishaanii fulla’aa fi Sirna qulqullina nageenyisa eegame mirkaneessuu, milkaa’ina galma Ajandaa 2063f ’’ jedhuun gaggeeffamuu eegala. Hoggantoonni yaa’ii kanarratti hirmaatan magaalaa guddoo Afrikaa Finfinnee dhufaa jiru.
Pireezdaantiin Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoozaa Finfinnee gahani
Feb 14, 2026 18
Guraandhala 7/2018 (ENA)- Pireezidaantiin Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoozaan yaa’ii hoggantootaa Gamtaa Afrikaa 39ffaa irratti hirmaachuuf Finfinnee gahaniiru. Pireezidaantichi wayita Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee gahanitti Ministirri Aadaa fi Ispoortii Shawit Shankaa simataniiru. Yaa’iin hoggantootaa Gamtaa Afrikaa 39ffaan mata duree “Dhiyeessii fi Qulqullina Bishaan Itti Fufiinsa Qabu Mirkaneessuu;Galmoota Ajandaa 2063 Galmaan Gahuu” jedhuun har’aa jalqabee Finfineetti ni eegala. Hoggantoonni yaa’ii kanarratti hirmaatan magaalaa guddoo Afrikaa Finfinnee gahuu itti fufaniiru.
Gamtaan Afrikaa fi Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii Ajandaawwan Biyyoota Hedduu Irratti Tumsa Cimsuuf ijjannoo qabaachuu isaanii ibsani
Feb 13, 2026 121
Gurandhala 6/2018 (ENA) - Gamtaan Afrikaa fi Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii bakka bu’ummaa Mana Maree Nageenya Afrikaa dabalatee ajandaalee biyyoota hedduu irratti tumsa isaanii cimsuu itti fufuu beeksisani. Yaa’iin hoggantoota Gamtaa Afrikaa 39ffaan Guraandhala 7 fi 8/ 2018, waajjira muummee Gamtichaa Finfinneetti gaggeeffama. Dura taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahaammud Alii Yuusuf yaa’ichaan dura barreessaa olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guterees waliin mari’ataniiru. Mariin kun nageenyaa fi tasgabbii naannoo, misooma itti fufiinsa qabuu fi jijjiirama diinagdee hunda hammate irratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsameera. Keessattuu dameen industirii Afrikaa, sona dabaluu fi jijjiirama caasaa guddinaaf, carraa hojii uumuu fi tasgabbii itti fufiinsa qabuuf gahee olaanaa akka qabu eerameera. Dura taa’aan Komishinichaa Mahammud Alii Yuusuf akka ibsanitti, addunyaa walqixa hin taane kana keessatti nageenya, tasgabbii fi misooma itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf tumsi Gamtichaa fi Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii murteessaa dha jedhani. Barreessaan olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guuterees, Gamtaan Afrikaa michuu tarsiimoo biyyoota hedduu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii ta’uu ibsuun, Afrikaan haaromsa sirna nageenyaa, tasgabbii fi biyyoota hedduu addunyaa keessatti gahee murteessaa akka qabdu ibsaniiru. Marii kanaan haaromsi Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii hatattamaan barbaachisaa ta’uu fi Afrikaan Mana Maree kana keessatti teessoo dhaabbataa qabaachuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. Hoggantoonni kunneen hojii waloo Gamtichaa fi Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii sirna faayinaansii addunyaa haaromsuu fi Afrikaaf faayinaansii haqa qabeessa ta’e argachuuf jalqaban itti fufsiisuuf waliigaluu isaanii odeeffannoon ENA Gamticha irraa argate ni mul’isa.
Ministirri Muummee Morookoo Aziiz Akihaanooch yaa'ii Gamtaa Afrikaa 39ffaa irratti hirmaachuuf Finfinnee galani
Feb 13, 2026 86
Guraandhala 6/2018 (ENA)- Ministirri Muummee Morookoo Aziiz Akihaanooch yaa'ii Gamtaa Afrikaa 39ffaa irratti hirmaachuuf Finfinnee galaniiru. Ministirri Muummichaa,wayita Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee gahan Ministirri Nageenyaa Mohaammad Idriisii fi Deetaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Birhaanuu Tsaggaayee isaan simataniiru.
Ministirri Muummee Ruwaandaa doktar Jastitiin Nisinjiiyuumaawaa yaa’ii hoggantoota Gamtaa Afrikaa 39ffaa irratti hirmaachuuf Finfinnee dhufan
Feb 13, 2026 65
Guraandhala6/2018(ENA)- Ministirri Muummee Ruwaandaa doktar Jastitiin Nisinjiiyuumaawaa yaa’ii hoggantoota Gamtaa Afrikaa 39ffaa irratti hirmaachuuf Finfinnee dhufaniiru. Ministirri muummee kun yeroo Buufata xiyyaaraa Idil- Addunyaa Boolee gahan Ministira Nageenyaa Mahaammad Idiriisii fi Deetaa ministira dhimmaa Alaa Ambaasaaddar Biraanuu Tsaggaayee simannaa taasisaniiru. Yaa’iin hoggantootaa Gamtaa Afrikaa 39ffaan mata duree “Dhiheessii Bishaanii fulla’aa fi Sirna qulqullina nageenyisa eegame mirkaneessuu milkaa’ina galma Ajandaa 2063f ’’ jedhuun gaggeeffama. Hoggantoonni yaa’ii kanarratti hirmaatan magaalaa guddoo Afrikaa Finfinnee seenaa jiru.
Misooma ardii keenyaa galmaan gahuuf waliin hojjechuun dhimma ijoodha – Pirezidaanti Taayyee
Feb 13, 2026 59
Guraandhala 6/2018 (ENA)- Pireezidaanti Taayyee Asqasillaasee guddina ardii keenya Afrikaa galmaan gahuuf hojiin qindoominaan hojjetamuu akka qabu hubachiisan. Walgahiin Idilee 35ffaa Waltajjii Gamaaggama gita walii Afrikaa gaggeeffameera. Pireezidaanti Taayyee Asqasillaaseen waltajjii kanarratti haasaa taasisaniiru. Haasaa isaaniin, fedhii misoomaa fi bulchiinsa gaarii Afrikaa galmaan ga’uuf sirni bulchiinsa Afrikaan durfamu barbaachisaa ta’uu dubbataniiru. Itti dabaluunis, galmoota imala misooma Afrikaa galmaan ga’uuf hojiin qindoomina qabu furmaata dha jedhan.

Hawaasummaa
Naannichatti hojiiwwan Fayyadamummaa Hawaasaa guddisanii fi imala Badhaadhinaa eegalame saffisiisan hojjetamaniiru
Feb 14, 2026 12
Guraandhala 7/2018(ENA)-Naannoo Oromiyaatti hojiiwwan Fayyadamummaa Hawaasichaa guddisanii fi imala Badhaadhinaa eegalame saffisiisan hojjetamuusaanii Af-yaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurahimaan ibsan. Yaa’iin Idilee 10ffaa Waggaa 5ffaa bara hojii Caffee 6ffaan Adaamaa galma Caffeetti gaggeeffamaa jira. Baninsa yaa’ichaarratti Af-yaa’iin Caffee Sa’aadaa Abdurahimaan akka dubbatanitti, Caffeen bara baajatichaa walakkaa waggaatti hojii deeggarsaa fi hordoffii gaggeessaa tureera. Kanaanis Naannichatti mootummaan fayyadamummaan hawaasaa akka guddatuuf, akkasumas imalli badhaadhinaa eegalaman akka saffisu hojiiwwan deeggaran hojjetamuunsaanii mirkanaa’eera jedhaniiru. Keessuma hundeeffama caasaa gandaa haaraan diriirfamuu, tajaajila Hawaasaaf dhiheenyatti kennuun hojiiwwan hojjetaman bu’aa qabeessa ta’uusaanii kaasaniiru. Magaalattis uummanni kenna tajaajilaarratti rakkoo yeroo dheeraaf kaasaa ture furuuf tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob babal’achaa jiraachuu dubbataniiru. Kanaanis itti quufinsi tajaajila hawaasaa guddachuu ibsuun, ummata biratti abdii guddaan uumamuu ibsaniiru. Walii gala fayyadamummaa hawaasaa guddisuuf hojiiwwan karoorfaman raawwiinsaanii kan jajjabeeffaman ta’uu Koreen dhaabbii caffee daawwannaa Dirree Aanaa, Godinaa fi magaalotatti taasisaniin mirkaneessaniiru jedhaniiru. Haala duub-deebii deeggarsaa fi hordoffiin kennamaniin raawwii hanqina qaban xiyyeeffannoo akka argatan taasifamuu Afayaa’iin kun hubachiisaniiru. Ummanni Nannichaa Filannoon waliiigalaa 7ffaa nagaa qabeessa, Dimokiraatawaa, Haqa qabeessaa fi hirmaachisaa fi akka ta’uuf qooda gamasaanii akka bahaniif waamicha dhiheessaniiru.
Itiyoophiyaan wabii nyaataa fi sagantaa soorata daa’immanii irratti bu’aan galmeessite biyyoota Afrikaa biroof muuxannoo guddaa dha
Feb 14, 2026 19
Guraandhala 7/2018 (ENA)- Itiyoophiyaan wabii nyaataa fi sagantaa soorata daa’immanii irratti bu’aan galmeessite biyyoota Afrikaaf muuxannoo guddaa ta’uu sadarkaa itti aanaa Ministira Muummee fi itti gaafatamaa giddugala qindoomina ijaarsa sirna dimokiraasii fi itti aanaa pireezdaantii Paartii Badhaadhinaa obbo Adam Faaraah ibsani. Mariin hoggantoota sadarkaa olaanaa Afrikaatti guddina daa’immanii fi sirna dhiyeessii nyaata madaalawaa daa’immanii irratti xiyyeeffate bakka Mootiin Leesetoo fi Ambaasaaddarri sagantaa soorataa Gamtaa Afrikaa mootiin Leetisiyee 3ffaa argamanitti gaggeeffameera. Waltajjicharratti kan hirmaatan obbo Adam Faaraah, Itiyoophiyaan mala qindoomina qabu hordofuun bu’aa armaan gadii galmeessiteetti jedhan. Itiyoophiyaan guddina daa’immanii fayyaalessaa fi wabii nyaataa mirkaneessuu keessatti, hojiirra oolaa kan jiru sagantaan waadaa saqoxaa, Maaddii Guutuu, Ashaaraa Magariisaa milkaa’ina guddaa galmeessisaa jiraachuu ibsaniiru. Waadaan Saqoxaa rakkoo quucaruu daa’immanii hambiyuu fi guddina fayyaalessa ta’e ariifachiisuuf tattaaffii taasifameen haadholii fi daa’imman miliyoonaan lakkaa’aman fayyadamoo ta’uu isaanii dubbataniiru. Maaddii Guutuu fi Ashaaraan Magariisaa wabii nyaataa mirkaneessuu irra darbee, haala jijjiirama qilleensaa kan dandamatu sirna qonnaa ijaaruuf hojiin hojjetame bu’aa argamsiiseera jedhani. Mootummaan dhiyeessii nyaataa itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf tattaaffii taasisaa jiru akka itti fufus mirkaneessaniiru. Sirna nyaataa itti fufiinsa qabu deeggaruuf faayinaansiin mandhalee cimuu akka qabu eeruun, hojiiwwan haala qilleensaa dandamatan hojiirra oolchuun wabii nyaataa mirkaneessuun ni danda’ama jedhan. Dhiyeessii nyaata madaalawaa itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf waliin hojjechuun,badhaadhina Afrikaaf hundee kan ta’e misooma humna namaa irratti hojjechuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru. Itti aanaan Ministira Muummee duraanii fi dura taa’aan Boordii Faawundeeshinii Addaam, obbo Dammaqaa Mokonnin akka ibsanitti, daa’imman Afrikaa hedduun sababa hanqina nyaata madaalawaan rakkachaa jiru jedhani. Afrikaa keessatti daa’imman miiliyoona 59 ol ta’an rakkoo quucaruuf kan saaxilamanidha kan jedhan obbo Dammaqaan,kanaafis biyyoonni Afrikaa fi michoonni misoomaa kurannoodhaan galma kanaaf hojjechuu qabu jedhaniiru. Carraan fuula duraa Afrikaa fi milkaa’inni Ajandaa 2063, fayyaa fi ulfina haadholii fi daa’immanii irratti kan hundaa’u ta’uus hubachiisaniiru.
Caffeen Oromiyaa hojiiwwan misooma Hawaasummaa fi Diinagdee naannichaarratti milkaa’inoota argamanii fi hanqinoota jiran irratti bal’inaan marii’ata
Feb 13, 2026 75
Guraandhala 6/2018(ENA)–Caffeen hojiiwwan misooma Hawaasummaa fi Diinagdee naannichaarratti milkaa’inoota argamanii fi hanqinoota jiran irratti bal’inaan akka marii’atu Af-yaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurahimaan ibsan. Yaa’iin Idilee 10ffaa Waggaa 5ffaa bara hojii Caffee 6ffaa boru Adaamaa galma Caffeetti gaggeeffamuu eegala. Afa-yaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurahimaan yaa’icha ilaalchisuun ibsa kennaniin, Caffeen Naannichatti raawwii karoora hojiiwwan baatii ja’an darbaniirratti ni marii’ata jedhaniiru. Keessumaa walakkaa waggaatti hojiiwwan misoomaa Hawaasummaa fi Diinagdee, milkaa’inoota argamanii fi hanqinoota jiranirratti ni marii’ata jedhaniiru. Dabalataanis Miseensonni Caffee fi koreewwan dhaabbii Aanaawwanitti, Magaalotaa fi Godinaaleerratti, hordoffii fi to’annoo gaggeessaniin, akkasumas daawwannaa hojii dirreen gabaasonni argaman yaa’iif dhihaatanii mariin akka irrtti gaggeeffamu eeraniiru. Yaa’ichi muudama Abbootii seeraa dabalatee Ajandaawwan adda addaarrtti gad-fageenyaan marii’achuun ni raggaassisa jedhamee akka eegamu ibsaniiru.
Gaaffiin Abbummaa ulaa galaanaa Itiyoophiyaa guddina waloo naannichaaf murteessaa waan ta’eef, milkaa’ina isaatiif carraaqqiin qaamolee hundaa barbaachisaadha
Feb 13, 2026 115
Guraandhala 6/2018 (ENA) - Gaaffiin Abbummaa ulaa galaanaa Itiyoophiyaa guddina waloo naannichaaf murteessaa waan ta’eef, milkaa’ina isaatiif carraaqqiin qaamolee hundaa barbaachisaa ta’uu hayyoonni hubachiisani. Hayyoonni kunneen ENAtti akka himanitti, mirgi buufata galaanaa Itiyoophiyaa gama seeraa, seenaa, fi teessuma lafaatiin fudhatama kan qabu yoo ta’u, tasgabbii fi guddina waliinii biyyoota gaanfa Afrikaafis murteessaa ta’uu dubbatani. Yuunivarsiitii Finfinneetti kutaa Saayinsii Siyaasaa fi Hariiroo Idil-addunyaa barsiisaa fi qorataa kan ta’an Doktar Dammaqaa Achisoo dhimmi buufata galaanaa Itiyoophiyaa dhimma misoomaa fi jiraachuu akka ta’e ibsani. Kana galmaan ga’uuf hojiin dippilomaasii fi seeraa hojjetamaa jiru fayyadamummaa haqa qabeessa ta’e galmaan ga’uu fi galma guddina waloo naannichaaf iddoo guddaa akka qabus eeraniiru. Itiyoophiyaan buufata galaanaa ishee fayyadamuun daldala idil-addunyaa fi hariiroo alaa gaggeessaa akka turte ragaan kan agarsiisu ta’uus Yunivarsiitii Hawaasaatti barsiisaan Saayinsii Siyaasaa fi Hariiroo Idil-addunyaa doktar Nugus Balaay himaniiru. Bu'uura seenaa fi seera qabeessa kana bu'uura godhachuun Mirga Itiyoophiyaan buufata galaanaa irratti qabdu mirkaneessuun itti gaafatamummaa dhaloota ammaa ta'uu ibsaniiru. Inistiitiyuutii dhimma alaatti qorataa dippilomaasii fi imaammata alaa kan ta’an doktar Ambaasaaddar Maarqoos Takilee gama isaaniin, Itiyoophiyaan karra galaanaa eegsisuuf carraaqqiin dippilomaasii taasiftu milkaa’inaan itti fufuufaa jiraachuu beeksisaniiru. Adeemsa ulaa galaanaa argachuuf haalli Itiyoophiyaan itti jirtu karaa nagaa, dippilomaasii fi seera qabeessa ta’e galmaan ga’uuf hirmaannaa lammiilee dabalatee biyyoonni naannichaa deebiin gaarii jiru barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.
Diinagdee
Itiyoophiyaan riijinicharra darbee biyyoota Afriikaaf humna elektiriikaa dhiheessuun badhaadhina waloo Afriikaa mirkaneessuuf hojjechaa jirti
Feb 14, 2026 0
Guraandhala 7/2018 (ENA)- Itiyoophiyaan riijinicharra darbee biyyoota Afriikaaf humna elektiriikaa dhiheessuun badhaadhina waloo Afriikaa mirkaneessuuf hojjechaa akka jirtu ministirri muummee FDRI doktar Abiyyi Ahimad ibsan. Yaa’iin hoggantoota gamtaa Afriikaa 39ffaan kun mata duree “ dhiheessiin bishaanii fulla’aa fi sirnoota eegumsa qulqullinaa nageenyisaa eegame mirkaneessuun,milkaa’ina galmoota ajandaa 2063” jedhuun gaggeeffamaa ira. Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad baniinsa sagantichaarratti dubbii dubbataniin, keessummoonni gara dachee dur-durii gara Itiyoophiyaa baga nagana dhuftan jedhaniiru. Bishaan qabeenya ta’uurra darbee bu’ura misoomaa, kalaqaa fi tasgabbii ta’uu ministirri muummee dubbii dubbataniin ibsaniiru. Itiyoophiyaan mul’ata bishaan Afriikaa 2025 bu’ureffachuun itti fayyadamni bishaanii itti gaafatamarratti hundaa’e faayidaa misoomaaf qabu hojiin agarsiisaa akka jirtu dubbataniiru. Kanaaf ammoo hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi mana keessattii fi industiriif madda anniisaaf ooluun gamatti, biyyoota ollaaf humna ibsaa dhiheessuun badhaadhina waloo Afriikaa kan mirkaneessu bu’aa tooftaa qabeessa ta’uu eeraniiru. Dinagdeen Afriikaa Kan Isiyaa waliin walqixa jechuun haala danda’amuun guddachaa akka jiru ministirri muumee ibsanii, Itiyoophiyaan xumura bara bajataa kanatti dhibbantaa 10 tuqaa 2 akka guddattu eeraniiru. Afriikaan A.L.A bara 2035 addunyaarraa humna namaa dargaggoo olaanaa kan gumaachitu ta’uu eeranii, kana gara badhaadhinaatti jijjiiruuf barnoota, fayyaa fi dhiheessii nyaata madaalawaa irratti invast gochaa akka jiran ibsaniiru. Magaalonni Afriikaa magariisa, dhala namaaf mijataa fi fayyadama dargaggoo kan mirkaneessan ta’uu akka qaban eeranii, misoomni qarqara lagaa Finfinneetti hojjetaman kanaaf fakkeenya ta’uu ibsaniiru. Misoomni qarqara lagaa Finfinneetti hojjetame sararoota bishaanii faalaman gara bakka bashannana ummataa qulqulluu fi miidhagaatti jijjiiruusaa dubbataniiru. Kun ammoo balaa lolaa hir’isuurra darbee kabaja deebisuudhaan walitti hidhamiinsi hawaasummaa akka cimu gochuusaa dubbataniiru. Magaalaan Afriikaa fuula duraa kun miilaan deemuuf mijataa, magariisaa fi dargaggoota jiddugaleessa kan godhate, akkasumas kabajnii fi abbummaan kan itti dhaga’amu ta’uu akka qabu dubbataniiru. Baadiyyaattis hojmaata ammayyaa diriirsuudhaan jireenya namootaa fooyyessaa fi hawaasa gabaa waliin walitti fudaa jira jedhaniiru. Adeemsi qindaa’aan kun eegumsa naannoo fi kunuunsa haala qilleensaa misoomaan wal qabsiisa jechuun ibsaniiru. .Itiyoophiyaan sagantaa ashaaraa magariisaatiin amma ammaatti biqiltuuuwwan biiliyoona 48 ol dhaabuushee ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad beeksisaniiru. Dhiibbaan jijjiirama haala qilleensaa karaa haqa qabeessaa ilaalamuu akka qabu eeranii, Afriikaan waltajjii addunyaarratti sagalee tokkoon dubbachuu akka qabdu hubachiisaniiru.
Itiyoophiyaan wiirtuu Afriikaa fi addunyaa walitti fiddudha- Ministira muummee doktar Abiyyi Ahimad
Feb 13, 2026 39
Guraandhala 6/2018(ENA)- Itiyoophiyaan wiirtuu Afriikaa fi addunyaa walitti fiddu ta’uushee Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad ibsan. Yaa’iin Xaaliyaanii-Afriikaa lammaffaan wiirtuu konveenshinii idil addunyaa Addisitti gaggeeffamuu eegaleera. Yaa’iin Itiyoophiyaaa fi Xaaliyaanii waloon qopheessan kun Itiyoophiyaan wiirtuu dippilomaasii ta’uushee irra deebi’uun kan mirkaneessuu fi waltajjii dippilomaasiirratti iddoo guddaa akka qabdu ifatti kan mul’isudha. Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad baniinsa yaa’ichaarratti dubbii dubbataniin, Itiyoophiyaan mariilee tarsiimawaa ta’an gara bu’aalee misoomaa qabatamaatti jijjiiruuf hojjechaa jirti. Tumsa misoomaa kana Xaaliyaanii, obbolootaa fi obboleewwanshee Afriikaanotaa akkasumas tumsitoota biroo waliin cimsitee akka itti fuftu mirkaneessaniiru. Itiyoophiyaan wiirtuu dippilomaasii, Aviyeeshinii fi loojistiksii Afriikaa addunyaa waliin walitti fiddu ta’uushee ministirri muummee ibsanii, Itiyoophiyaan sagaleen Afriikaa waltajjiiwwan idil addunyaarratti olkaasuuf hojjechaa jiraachuushee dubbataniiru. Itiyoophiyaan misooma fi badhaadhina fulla’aa Afriikaaf bu’ura kaa’aa akka jirtu eeranii, adeemsi fakkeenya qabu kun damee tumsaa idil addunyaarrattis cimee itti ni fufa jedhaniiru. Qabeenyi guddaan Afriikaan qabdu dargaggoo ta’uu eeruun, ogummaa fi kalaqaaf maallaqa ramaduudhaan carraalee egeree fayyadamuun akka barbaachisu eeraniiru. Keessumaa hubannoon nam-tolchee cehumsa dijitaalaaf, bu’ura misoomaa Inarjiif, wabii nyaataa fi sirni fayyaa fooyya’uun murteessaa akka ta’e eeranii, kanaaf qophaa’uu fi hojjechuun barbaachisaadha jedhan. Maatii Pilaaniin Xaaliyaanii fooyyessa dinagdee man-dhalee Itiyoophiyaa waliin akka wal simu ibsaniiru. Dandeettii kalaqaa Afriikaa teeknooloojii fi kaappitaala Awurooppaa waliin qindeessuun furmaattota ardii lamaaniif badhaadhina Fidan ijaaruun akka danda’amus dubbataniiru.
Hidhi Haaromsaa Guddichi Itiyoophiyaa piroojektii birmadummaa diinagdee Afrikaa mirkaneessuuf abdii guddaa ta’u dha
Feb 13, 2026 60
Guraandhala 6/2018 (ENA) - Hidhi Haaromsaa Guddichi Itiyoophiyaa piroojektii birmadummaa diinagdee Afrikaa mirkaneessuuf abdii guddaa ta’u dha jedhan qorataan siyaasa bishaanii doktar Yaaqoob Arsaanoo. Hayyuun kun turtii ENA waliin taasisaniin,Yaa’iin Gamtaa Afrikaa 39ffaan wayita hidhichi xumurameen booda gaggeeffamuuun isaa, galmoota ardiilee waloo galmaan ga’uuf kaka’umsa guddaa kan uumu ta’uu ibsaniiru. Afrikaan ardii yeroo dheeraaf garbummaa fi koloneeffannaa jala turte ta’uu kan ibsan doktar Yaaqoob Arsaanoo, Afrikaanonni yaada Paan-Afrikaanizimii jedhuun qabsoo isaaniitiin gabrummaa siyaasaa fi koloneeffannaa jalaa of baasuu danda’aniiru jedhan. Haa ta’u malee, ardiin kun ammallee birmadummaa diinagdee ishee mirkaneessuuf rakkachaa akka jirtu hubachiisaniiru. Hidhi Haaromsa Gddichaa Itiyoophiyaa kaayyoo Ajandaa Gamtaa Afrikaa 2063 waliin kallattiin kan walqabatu yoo ta’u, Afrikaanonni hiree ofii murteessuu akka danda’an kan agarsiisu Paan Afrikaa ta’uu ibsaniiru. Hidhi Haaromsaa piroojektii misoomaa guddaa Itiyoophiyaa qofaaf osoo hin taane, Afrikaafis birmadummaa diinagdee mirkaneessuuf abdii olaanaa ta’uu ibsaniiru. Doktar Yaaqoob Arsaanoo akka jedhanitti, Itiyoophiyaan naannoo fi kunuunsa bishaanii eegsisuuf tattaaffiin taasiftu fakkeenyummaa kan qabu yoo ta’u, Sagantaan Ashaaraa Magariisaa milkaa’aa ta’e akka agarsiistuu guddaatti kan fudhatamu ta’uu ibabsaniiru. Injifannoon Itiyoophiyaan Adwaa irratti galmeessite ifa abdii walabummaa Afrikaanotaa kan agarsiise ta’uu ibsuun, injifannoo misoomaa dhaloota ammaa kan ta’e Hidhi Haaromsaa Guddichi Itiyoophiyaa immoo egeree Afrikaanotaaf abdii misoomaa akka ta’u ibsaniiru. Jaarraa 21ffaa keessatti Afrikaanonni tokkummaan dhaabbachuu fi tumsuu yoo danda’an, birmadummaa isaanii guutuu mirkaneessuu fi waltajjii addunyaa irratti sadarkaa olaanaatti mul’achuuf carraa akka qaban agarsiiftuu ta’uu ibsaniiru.
Pirojektii Ismaarti siitii Magaalaa Jimmaatti Ijaaramaa jiruuf sararri Ibsaa KM.12 diriirfame
Feb 13, 2026 69
Guraandhala 6/2018(ENA)–Pirojektii Ismaarti siitii Magaalaa Jimmaatti Ijaaramaa jiruuf sararri Ibsaa KM.12 diriirfamuu tajaajilli humna ibsaa Itiyoophiyaa beeksise. Tajaajilichi ibsa ENA’f ergeen akka beeksisetti Pirojektii Ismaarti siitii Magaalaa Jimmaatti Ijaaramaa jiruuf bu’uuraaleen misoomaa Ibsaa bal’aan diriirfamaa jira. Pirojektichaaf buufata humna raabsu haaraan Jimmaarraa sarara KM.12 kan dheeratu, kiiloo vooltii 15n ta’u diriirsuu fi dhaabbiin utubaa gidduu-galessa 300 raawwatamuusaa ibseera. Haaluma wal-fakkaatuun Tiraanisfoormaroota kompaaktii Kiiloovooltii Ampiirii kuma 1 fi 250, abbaa kiloovooltii ampiirii 630 tokkoo fi tiraanisfoormarii humna abbaa Kiiloo vooltii ampirii 200 dhaabbachuusaa tajaajilichi ibseera. Hojiin sarara diriirsuu bakka raabsa humnaarraa eegalee hanga pirojektichaatti kan jiru baatii sadiitti xumuruun baatii Adoolessaarraa eegalee pirojektichaaf humna weeggaa waattii 5n dhihessuun danda’ameera jedhaniiru. Sadarkaa Sarara raabsaa eeguu fi hojiin konkiriitiin jijjiruu dhibbantaa 85 gahuu tajaajilichi beeksiseera. Yeroo ammaa hangi humna magaala Ismaarti siitiif dhihaate meeggaa waattii 5n ta’us, ijaarsawwan gurguddoo biroo gara fuulduraatti raawwatamaniif humna meeggaa waattii dabalataa 20 dhihessuuf hojjetamaa jira jechuun tajaajilichi ibsa ergeen beeksiseera.
Saayinsii fi teeknooloojii
Itiyoophiyaan Yunivarsiitii Hubannoo Namtolchee hundeessuuf qophiitti jirti - Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimad
Feb 14, 2026 14
Guraandhala 7/2018 (ENA)- Itiyoophiyaan ogummaa damee hubannoo namtolchee irratti qabdu daran guddisuuf Yunivarsiitii hubannoo namtolchee hundeessuuf qophii irra jiraachuu doktar Abiyyi Ahimad ibsan. Yaa’iin hoggantootaa Gamtaa Afrikaa 39ffaan mata duree “Dhiyeessii Bishaanii fi Sirna Qulqullina Itti Fufiinsa Qabu Mirkaneessuu; Galmoota Ajandaa 2063 Galmaan Gahuu” jedhuun gaggeeffamuu eegaleera. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad sirna baniinsa kanarratti haasawaa taasisaniin, jijjiiramni teeknooloojii Itiyoophiyaa tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030’n kan qajeelfamu ta’uu ibsaniiru. Bu’uuraaleen misoomaa dijiitaalaa lammiilee wiirtuu misoomaa taasisan ijaaramaa akka jiran hubachiisuun, keessattuu waraqaan eenyummaan dijitaalaa biyyoolessaa Faaydaa jedhamu sirna kaffaltii fi odeeffannoo waljijjiirraa waliin qindoomuun lammiileen tajaajila gahumsaa fi nageenyi isaa eegame akka argatan taasisaa jira jedhan. Itiyoophiyaan akka lakkoofsa warra faranjootaa bara 2020tti Afrikaa keessatti Inistiitiyuutii hubannoo namtolchee isa jalqabaa hundeessuu ishee yaadachiisaniiru. Itiyoophiyaan yeroo ammaa kana yaadama ida’amuu irratti kan hundaa’e yuunivarsiitii hubannoo namtolchee sadarkaa idil addunyaa eeggate banuuf qophiirra akka jirtus ibsaniiru. Yuunivarsiitichi namaa fi maashina kan walitti fidu ta’uu eeruun, haalawwan biyya keessaa qorannoo saayinsii idil-addunyaa waliin kan qindeessu, Afrikaan bara teeknooloojii keessatti gahee mataa ishee akka galmeessitu kan dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Ce’umsi teeknooloojii kun kenniinsa tajaajilaa ammayyeessuu irra darbee, guddina diinagdee saffisiisuun hirmaannaa Afrikaa dirree teekinooloojii addunyaa keessatti cimsuu akka ta’e Ministirri Muummee mirkaneessaniiru.
Naannichatti kenna tajaajila Mootummaa Ammayyeessuun itti quufinsa Hawaasaa guddisuuf hojiiwwan eegalaman bu’aa fidaa jiru- Obbo Awwaluu Abdii
Feb 12, 2026 68
Guraandhala 5/2018(ENA)-Naannoo Oromiyaatti kenna tajaajila mootummaa ammayyeessuun itti quufinsa hawaasaa guddisuuf hojiiwwan eegalaman bu’aa fidaa jiraachuu Itti Aanaan Pirezidaantii Naannichaa obbo Awwaluu Abdii ibsan. Tajaajil Wiirtuu tokkoo Masoob Magaalaa Moojootti eebbifamee hojiitti galeera. Itti Aanaan Pirezidaantii Naannoo Oromiyaa Obbo Awwaluu Abdii gidduugalicha eebbusuun tajaajila yeroo eegalchiisan akka ibsanitti, Naannichatti kenna Tajaajila Mootummaa si’ataa taasisuuf Dijiitaalayizeeshiniif xiyyeeffannoon kennameera. Kanaafis tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob dhaqqabamaa taasisuuf Boqonnaa jalqabaan Adaamaa, Shaashamannee, Shaggar, Bishooftuu fi Jimmatti gara hojiitti galchuu yaadataniiru. Hojicha cimsuun gara magaalota 26tti babal’achaa jiraachuu eeruun, tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob Moojoo har’a hojii eegaluun qaama kanaa ta’uu hubachiisaniiru. Boqonnaa sadaffaan naannichatti Magaalota 60tti tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob hojii eegalchiisuuf galmi qabamuu kaasaniiru. Gara fuulduraatti kenna tajaajilaa Ammayyeessuu, Misooma koriidaraa, Galii walitti qabuu fi hojii misoomaa cimsuurratti xiyyeeffannoon hojjetama jedhaniiru.
Godinichatti baatiwwan jahan darban jiraattonni kuma112 ol waraqaa eenyummeessaa Dijiitaalaa fudhataniiru
Feb 11, 2026 85
Guraandhala 4/2018(ENA)- Naannoo Oromiyaa Godina Iluu Abbaabooritti bara bajatichaa walakkaa waggaatti jiraattonni kuma112 ol eenyummeessaa Dijiitaalaa fudhachuusaanii Bulchiinsi Godinichaa beeksise. Itti Aanaan Bulchaa Godinichaa Mahaammadxahaa Abbaa Fiixaa, jiraattonni godinichaa eenyummeessaan Dijiitaalaa imala Dijiitaalaa Itiyoophiyaa dhugoomsuuf kan deeggaru ta’uu hubachuun, eenyummeessaa kana fudhachaa jiraachuu ibsaniiru. Eenyummeessaa Dijiitaalaa kallattiiwwan biyyaalessaa damee Teekinooloojiin qabaman keessaa tokko ta’uu ibsuun jiraattonni godinicha hundi eenyummeessaa kana akka argataniif xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Bara baajataa qabame jiraattonni kuma 164 ol eenyummeessaa dijiitaalaa akka argatan karoorfamee walakkaa waggaatti jiraattonni kuma 112 ol ta’an argachuusaanii ibsaniiru. Milkaa’inasaaf Godinichatti Aanaawwan hundatti dameelee Baankii fi Itiyoo teelee koomii waliin qindaa’uun hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Fuuldurattis jiraattonni Godinichaa waraqaa eenyummeessaa dijiitaalaa akka qabataniif hojiin eegale cimee itti fufa jedhaniiru. Godinichatti baatiwwan jahan darban jiraattonni kuma112 ol waraqaa eenyummeessaa Dijiitaalaa fudhataniiru Milkaa’inasaaf Godinichatti Aanaawwan hundatti dameelee Baankii fi Itiyoo teelee koomii waliin qindaa’uun hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Fuuldurattis jiraattonni Godinichaa eenyummeessaa dijiitaalaa akka qabataniif hojiin eegale cimee itti fufa jedhaniiru.
Dijitaalli Itiyoophiyaa sirna faayinaansii ammayyeessuun, kenniinsa tajaajilaa saffisaa kennuuf dandeessiseera
Feb 10, 2026 107
Guraandhala 3/2018 (ENA) - Hojiirra oolmaan Dijitaalaa Itiyoophiyaa sirna faayinaansii ammayyeessuun lammiileen bakka jiranitti tajaajila saffisaa akka argatan dandeessisaa jira jedhan hoggantoonnii fi fayyadamtoonni damee faayinaansii. Teekinooloojii dijitaalaan damichaa deeggaruun tattaaffiin taasifamaa jiru sirna ammayyaa fi kenniinsa tajaajilaa saffisaa ta’e kennuudhaan guddina biyyoolessaa keessatti gahee olaanaa bahachaa jira. Akka hoggantoonnii fi fayyadamtoonni damee faayinaansii jedhanitti, sagantaan Dijitaalaa Itiyoophiyaa sirna faayinaansii ammayyeessuun lammiileen bakka jiranitti tajaajila saffisaa akka argatan taasisaa jira. Biiroo Misooma Daldalaa fi Industirii Naannoo Kibba Itiyoophiyaatti Daarektarri Galmeessaa fi eeyyama Daldalaa obbo Saamu’eel Gujoo ENAtti akka himanitti, sirni dijitaalaa tajaajila faayinaansii si’aawaa taasisuun jireenya lammiilee irratti jijjiirama bu’uuraa fideera. Keessattuu tajaajilli dijitaalaa kun hawaasni daldalaa gara dhaabbilee faayinaansii osoo hin deemiin, bakka jiran hundatti tajaajila akka argatan taasisaa jira jedhani. Galmeen daldalaa haaraa, haaromsa eeyyama daldalaa fi tajaajiloonni biroo karaa sirna dijitaalaa kennamaa akka jiran himaniiru. Ji’oota 6’n darbanitti eeyyamni daldalaa kuma 107 ol kan haaromfame yoo ta’u, kana keessaa kuma 57 ol karaa ‘e-Trade’ fi tajaajila ‘Woreda Net’n kan kenname ta’uu ibsameera. Daldaltoonni naannichaa Godinoota 12 fi magaalota Riijiwoo poolisii 3 keessa jiran bakka jiranitti tajaajila akka argatan gochuun, hojiirra oolmaa sirna dijitaalaa kanaan rakkoolee hedduun furmaata argataniiru jedhan obbo Saamu’eel. Hogganaan Baankii Daldalaa Itiyoophiyaa Damee Arbaa Minci obbo Darajjee Maarqos "Dijitaalaa Itiyoophiyaa dhugoomsuuf tajaajila dameewwan faayinaansii haaromsuun barbaachisaa dha" jedhan. Hojiin faayinaansii baankichaa dhibbeentaan 87 ol sirna dijitaalaan kan raawwatamu yoo ta’u, maamiltoonni filannoo kaffaltii adda addaa baankichi qopheesse fayyadamuun mana isaanii ykn bakka hojii isaanii taa’anii tajaajila argachaa akka jiran hogganaan kun ibsaniiru. Gargaarsa baankii moobaayilaatiin maamiltoonni yeroo fi bakkaan osoo hin daangeffamiin daldala gaggeessuu kan danda’an yoo ta’u, karaa baankii interneetii dhaabbileen dhuunfaa fi mootummaa daldala gaggeessuu fi hojjettoota isaaniif tajaajila kennuu danda’u jedhan. Kunis kaffaltii akka raawwatan haala mijataa uumeera jedhaniiru. Maamiltoonni waraqaa eenyummaa biyyoolessaa isaanii sirna baankii waliin walqabsiisuudhaan tajaajila amanamaa akka argatan dandeessisaa jiraachuu ibsaniiru obbo Darajjeen. Tajaajilli dhaabbilee faayinaansii dijiitaala ta’uun baasii fi rakkina nu mudatu irraa nu baraareera kan jedhe immoo dargaggeessa jiraataa magaalaa Arbaa Minci kan ta’e Hardiidoo Doloboo dha.
Ispoortii
Ayyaana Hundeeffama Ajaja duula addaa sababeeffachuun dorgommiin fiigichaa Hawaasaatti gaggeeffamaa jira
Feb 14, 2026 17
Guraandhala7/2018(ENA)- Raayyaa Ittisa Biyyaatti Ayyaana hundeeffama Ajajaa duula addaa waggaa 65ffaa sababeeffachuun dorgommiin fiigichaa daandiirraa KM.10 Magaalaa Hawaasaatti gaggeeffama jira. Dorgommicharratti Atileetonni bebbeekamoon kilabiiwwan adda addaa keesaa dhufan hirmaachaa jiru. Akkasumas miseensota raayyaa ittisa biyyaa, jiraattota magaalaa hawaasaa fi naannoolee ollaarraa kan dhufan jiraattonni kuma 10n ta’an hirmaachaa jiru. Sirnicharratti Ajajaan duula addaa Letenaal Jeneraal Shuumaa Abdataa, mejer Jeneraal Indaalkaachoo Walda Kidaan, Qondaaltota Olaanoo, Kantiibaa Magaalaa Hawaasaa Xiraatuu Bayyanaa fi hoggantoonni bulchinsichaa argamaniiru.
Maanchistar Yunaayitid Westiham Yunaayitid waliin ni taphata
Feb 10, 2026 178
Guraandhala 3/2018(ENA)- Sagantaa Piriimar Liigii Ingiliz torban 26ffaan har’a eegaluun taphoonni Afur ni gaggeeffamu. Istaadiyeemii Landanitti Westihaam Yunaayitid Maanchistar Yunaayitid waliin galgala sa’aatii 5 :15tti ni taphatu. Westihaam Yunaayitid qabxii 23n Sadarkaa18ffaa qabatee sadarkaa gad bu’aarratti argama. Maanchistar Yunaayitid qabxii 44n sadarkaa 4ffaa qabateera. Taphoota liigichaa shan darban keessaa sadii kan mo’ate Wastihaam Yunaayitid sadarkaa gahumsaa gaariirratti argama. Leenjisaa yeroo Maaykil Kariikin kan durfamu Maanchistar Yunaayitid taphoota itti fufaa Afur darban injifateera. Westihaam Yunaayitid sadarkaa gad bu’aa keessaa bahuuf morkii cimaa gaggeessuuf qabxiin sadii baay’ee murteessaadha. Shaampiyoonsi liigii Awurooppaarratti hirmaachuuf morkachaa kan jiru Yunaayitid liigichaan injifannoo itti fufaa shan galmeessuuf ni taphata. Maanchistar Yunaayitid yeroo dhumaaf liigichaan taphoota ittifufaa shan kan mo’ate A.L.A bara dorgommii 2023/24 dha. Taphichaan morkiin cimaan isa eeggata jedhamee ni eeggama. Taphicha Saayimen Hupper Abbaa Seerummaan gaggeessu. Sagantaa biroon Chelsiin Liids Yunaayitid waliin galgala sa’aatii 4:30tti Istaadiyeemii Istaamfoor Biriijiitti taphatu. Chelsiin qabxii 43n sadarkaa 5ffaa, Liidis Yunaayitid qabxii 29n sadarkaa 16ffaa qabataniiru. Gareewwan lamaan liigichaan injigfannoo itti fufaa galmeessisuuf wal morkatu. Tootenihaam Hootisparsi Niwuukaastil Yunaayitidi fi Everten Boornimaawuz waliin sa’aatii wal fakkaataa galgala sa’aatii 4 :30tti ni taphatu.
Ispoortessitoota bakka bu’an horachuuf xiyyeeffannoon kennameera – Ministira Shawwiit Shaankaa
Feb 8, 2026 180
Guraandhala1/2018 (ENA)- Ispoortiin Ijaarsa Naamusaa fi Ispoortessitoota bakka bu’an horachuuf dandeettii qabu milkeessuuf xiyyeeffannoon kennamuu Mistirri Aadaa fi Ispoortii Shawwiit Shaankaa ibsan. Dorgommiin madaallii Ispoortii guddattoota biyyoolessaa mata duree “Guddina Ispoortessitootaa egeree, guddina Ispoortii keenyaaf” jedhuun Istaadiyeemii Yuunvarsiistii Saayinsii fi Teekinooloojii Adamaatti har’a eegalameera. Mistirri Aadaa fi Ispoortii Shawwiit Shaankaa wayitasana akka jedhanitti, Ispoortiin ijaarsa Naamusaa fi dhaloota bakka bu’u horachuuf humna qabu mikeessuuf xiyyeeffannoon kennamuu ibsaniiru. Ispoortii Ijaarsa biyyaa fi qooda walitti hidhaminsa hawaasaa guddisuu dandeessisuuf qindoominaan hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Ispoortessitoota bakka bu’an horachuuf sirni fo’annoo fi leenjii diriiruun cinaatti dhaqqabamummaa bu’uuraalee misoomaa Ispoortiif xiyyeeffannoon kennamuu kaasaniiru. Waggoottan saddettan darban Iddoowwan Ispoortiin itti shaakalamu kuma 17 fi 636 ta’an biyyattiitti ijaaramanii tajaajila dandeettii gahumsa qaamaa fi sammuu guddattootaa gabbisuuf akka oolan taassifamuu ibsaniiru. Dorgommiin har’a Adaamaatti eegalame Ispoortisitoota bakka bu’an horachuuf qooda murteessaa qabaachuu eeraniiru. Hoggantuun Biroo dargaagoo fi Ispoortii Oromiyaa Roozaa Biyyaa akka dubbatanitti, Naannichi damee misoooma Ispoortiif xiyyeeffannoo kennuun leenjii kennaa jira. Misooma ispoortii milkeessuuf Magaalotaa naannichaa fi Aanaawwanitti bakka shaalaka ispoortii misooma koriideraa waliin wal qabsiisuun hojjetamaa jiraachuu eeraniiru. Har’a gosawwan Ispoortii 15n guddatoota kuma 3 ol naannoolee hundarraa dhufan dorgommicharratti hirmaachaa jiru jedhaniiru. Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa obbo Haayiluu Jaldee gamasaaniin magaalittii jirattotaaf mijattuu taassisuuf bu’uuraalee misoomaa Ispoortii fi kanneen biroon ijaaramaa jiru jedhaniiru. Guddattoonni kun sammuu fi qaamaan akka gahooman bakkeewwan bashannanaa fi Ispoortii bal’inaan ijaaramaa jiraachuu hubachiisaniiru.
Magaalaan Shaggarii fi Midire gannat shireen qabxii qooddatan
Feb 4, 2026 260
Amajjii 27/2018(ENA)- Pireemar liigii Itiyoophiyaa sagantaa torban 19ffaan tapha jalqabaan Magaalaa Shaggarii fi Midire gannat shireen galchii malee qixaan adda bahaniiru. Taphichi Istaadiyeemii Finfinneetti gaggeeffameera. Bu’aa kana hordofuuun Magaalaan Shaggar qabxii 21n sadarkaasa 13ffaarraa gara 12ffaatti ol guddifateera. Guddaattuu haaraan Magaalaan Shaggar inijifannoo ittifufaa galmessuu hin dandeenye. Midire Gannet Shireen qabxii 23n sadarkaa 11ffaarraa gara 10ffaatti ol siiqeera . Garichi taphoota sadan darban hin mo’anne.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Itiyoophiyaan imala misooma hunda hammate kan jalqabde galmaan ga’uuf, raaga haala qilleensaa fayyadamuu sirnaan hojiirra oolchuun barbaachisaa dha
Feb 9, 2026 137
Guraandhala 2/2018 (ENA)-Itiyoophiyaan imala misooma hunda hammate kan jalqabde galmaan ga’uuf, raaga haala qilleensaa fayyadamuu sirnaan hojiirra oolchuun barbaachisaa akka ta’e Ministeerri Bishaanii fi Inarjii hubachiise. Inistiitiyuutiin Mitiriwooloojii Itiyoophiyaa waltajjii raaga haala qilleensaa Bonaa gamaaggamuu fi raaga haala qilleensaa baatii Arfaasaa ifoomsuu Adaamaatti gaggeessaa jira. Waltajjicharratti gorsaa Ministira Bishaanii fi Inarjii Mootummaa Maqaasaa haasawa taasisaniin, inistiitiyuutichi amanamummaa fi gahumsa raaga Mitiriwooloojii guddisuun misooma hunda hammate galmaan ga’uuf tattaaffii taasifamaa jiru keessatti gahee isaa bahaa jira jedhan. Odeeffannoon Mitiriwooloojii damee qonnaa, bishaanii fi anniisaa, geejjibaa, eegumsa naannoo fi bulchiinsa balaa, inshuraansii fi industiriitiif karaa saayinsaawaa ta’een xiinxalamee dhiyaachuu isaa ibsaniiru. Odeeffannoon tilmaamaa fi akeekkachiisa dursaa kun murtee kennitootaa fi hawaasa fayyadamtootaaf gargaarsa guddaa taasiseera jedhan. Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutii Mitiriwooloojii Itiyoophiyaa Faxxanaa Tashoomaa gama isaaniin, inistiitiyuutichi odeeffannoo haala qilleensaa fi haala qilleensaa waliin walqabatu yeroo yeroon fayyadamtootaaf kennaa jiraachuu ibsaniiru. Raagaan haala qilleensaa Bonaa, Arfaasaa fi Gannaa haala qilleensaa tajaajilli akeekkachiisa dursaa sochii hawaasummaa fi diinagdeef kennamu bu’aa akka argamsiise hubachiisaniiru. Tilmaamni raaga haala qilleensaa Bonaa yeroo fi bakka taateewwan waliin kan walsimu akka tures daarekatarri olaanaa kuni ibsaniiru. Waltajjiin kun dhiibbaa gaarii fi hamaa roobni Arfaasaa biyya keenyaarratti geessisuu danda’u dandamachuuf hubannoo uumuuf kan kaayyeffate ta’uu ibsaniiru. Ummanni odeeffannoo tilmaamaa fi akeekkachiisa dursaa inistiitiyuutichi kennu hordofuu fi itti fayyadamuu akka qabus dhaamaniiru.
Bakkeewwan biyyattii Arfaasaa misooman rooba Idilee fi Idileen olii ni qabaatu
Feb 9, 2026 112
Guraandhala 2/2018(ENA)-Bakkeewwan biyyattii hedduun Arfaasaa misooman rooba idilee fi idileen ol akka argatan Inistitiyuutiin Meetiriwooloojii Itiyoophiyaa beeksise. Inistitiyuutichi waltajjii gamaggama raaga haala Qilleensaa yeroo bonaa fi raaga haala yeroo Arfaasaa hoggantoonni hojii mootummaa olaanoo fi qaamoleen qooda fudhattoonni damichaa bakka argamanittii Adaamaattii gaggeessaa jira. Inistitiyuutichi waltajjicharratti akka ifoomsetti raaga haala qilleensaa yeroo Arfaasaa bakkeewwan biyyattii bokkaan Arfaasaa idilee isaaniif ta’etti roobni idilee fi idileen olii jiraachuu akka danda’u eereera. Bu’uuruma Kanaan Godinaaleen Booranaa fi Gujii, Sidaamaa fi kibba Itiyoophiyaa bokkaa Idileen olii argatu. Akkasumas Naannoo Somaalee gara kibaa fi lixaa fi kibba lixaa kutaan biyyattii rooba idilee fi idileen olii akka argatan Inistitiyuutichi beeksiseera. Dabalataanis yeroo ammaa haalawwan qilleensaa jiranirraa ka’uun Kaaba dhihaa, gidduugaleessaa fi naannoowwwan bahaa biyyattiittis bokkaan idilee fi idileen olii ni jiraata jedhaniiru. Gama biroon hangi ho’i guyyaa naannoowwan Kaaba Bahaaatti, Lixaattii fi kibba lixaatti idileen ol akka ta’u , raagni haala qilleensaa mul’isa jedhaniiru. Haallli jalqabbii bookkaa Arfaasaa naannoowwan walakkaa kibbaatti dursee kan eegalu yoo ta’u, haalli bahinsa caamaa guyyoota muraasa turee baha jechuun beeksiseera. Hanga rooba kanaa sirnaan fayyadamuu fi hojii qonnaa waktichatti hojjetamuu fi hojiiwwan hawaasummaa fi diinagdee wayitasana hojjetaman ogeyyii waliin marii’achuun hojjechuun barbaachisaa dha jedhaniiru. Hangi bokkaa Arfaasaa bara kanaa hojii qonnaaf mijataa ta’uu ibsaniiru.
Haroo Haramaayaa misoomsuun bakka gahumsa turistii taasisuuf qindoominaan hojjetamaa jira
Feb 2, 2026 219
Amajji 25/2018(ENA) – Haroo Haramaayaa misoomsuun bakka gahumsa turistii taasisuuf qindoominaan hojjetamaa jiraachuu Biiroon Aadaa fi Turizimii Oromiyaa beeksise. Bulchiinsa Magaalaa Maayaa jalatti kan argamu bakkeewwan hawata turizimii ta’an keessaa tokko Haroo Haramaayaati. Harri Haramaayaa waggoota hedduuf gogee kan ture yoo ta’u,hojiilee kunuunsa qabeenya uumamaa fi Ashaaraa Magariisaan hojjetamaniin bishaan kuufachuun akka duriisaatti deebi’eera. Bulchiinsi magaalichaa fi hawaasni naannichaa hara sana kunuunsuunii fi misoomsuun lakkoofsi dawwattootaa dabalaa dhufuu isaa hoggantuun Biiroo Aadaa fi Turizimii Oromiyaa aadde Jamiilaa Simbiruu dubbataniiru. Yeroo ammaa Harichi bakka bashannanaa ta’uu irra darbee,dargaggootaaf carraa hojii uumaa kan jiru yoo ta’u, diinagdee damee kana irraa argamu guddisuuf ciminaan kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru. Naannichi qabeenya uumamaa hedduu kan qabu ta’uu fi lafa madda aartistootaa ta’uu himaniiru. Kantiibaan Magaalaa Maayaa doktar Ifraahi Waziir gama isaaniin, kunuunsa bishaanii fi biyyee akkasumas Ashaaraa Magariisaan kan deebi’e Harri kuni, kunuunsi qabeenya uumamaa cimee hojjetamaa jira jedhan. Kana malees madda galii ta’aa jira jedhan. Harri Haramaayaa kunuunsa isaaf taasifameen miidhagee carraa hojii dargaggootaas ta’ee jiraachuu isaa argeera kan jedhan Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Naannoo Oromiyaatti ogeessa turizimii Oliiyaad Bariisoo dha. Naannichatti abbootii qabeenyaa affeeruun loojiiwwanii fi riizoortiiwwan babal’isuun hojiilee fooyya’aa hojjechuun akka danda’amus ibsan obbo Oliyaad. Haroo Haramaayaa irratti tajaajila bidiruu kan kennu dargaggeessi Muktii Ahimad daawwattoota bidiruutiin daawwachiisuun dabalatatti hojii misooma qurxummii irratti hirmaachaa jiraachuus himeera.
Misoomni ashaaraa magariisaa, sululaa fi qarqara lageenii bishaan eeguudhaan bu’aa qabatamaa agarsiisaa jiru
Feb 2, 2026 190
Amajjii 25/2018 (ENA)- Misoomni ashaaraa magariisaa, sululaa fi qarqara lageenii bishaan eeguudhaan bu’aa qabatamaa agarsiisaa jiraachuu abbaan taayitaa eegumsa naannoo beeksise. Abbaan taayitichaa guyyaa lafa bishaan qabnii kan baranaa mata duree “lafa bishaan qabuu fi beekumsa mandhalee, hambaa aadaa keenyaa haa kabajnu” jedhuun kabajaa jira. Itti aantuun daarektara olaanaa abbaa taayitaa eegumsa naannoo Fireenash Makuraa akka ibsanitti, Itiyoophiyaan lafa bishaan qabuu fi lubbu qabeeyyii gragaraan kan badhaatedha. Qabeenyi uumamaa kunneen kunuunfamanii dhalootatti akka darban beekumsa mandhalee fi toftaawwan kunuunsa karaa aadaa qooda olaanaa bahachaa akka turan turuusaanii ibsaniiru. Hawaasni seerota aadaa fi duudhaalee dur qabuun lafa bishaan qabuu fi bishaan kunuunsaa turuusaa eeraniiru. Lafti bishaaan qabatu faayidaa olaanaa taasisaa akka jiran eeranii, bishaan faalame karaa uumamaan calaluu, balaa lolaa ittisuu fi jiidha lafaa eeguu akkasumas jijjiirama haala qilleensaa damdamachuu fi hoo’a naannawaa hir’isuu wabeeffataniiru. Miidhaa qabeenya uumamaa kanneen irra qaqqabu furuuf beekumsi saayinsaawaa ammayyaa beekumsa mandhalee waliin qindeessuun hojiirra oolchuun akka barbaachisu dubbataniiru. Pirojektoonni ashaaraa magariisaa fi misooma qarqara lagaa yeroo ammaa hojjetamaa jiran nageenya lafa bishaan qabataniif gumaacha olaanaa gumaachaa akka jiran mirkaneessaniiru. Abbaan taayitichaa naannolee fi qaamolee qooda fudhattootaa dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan hojjechaa akka jiru eeranii, kunuunsi taasifamu mootummaa qofaan osoo hin taane itti gaafatama hawaasaa, dhaabbilee qorannoo fi dame dhuunfaa ta’uu himaniiru.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 2053
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan. Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru. Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru. Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.
Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifama
Dec 7, 2024 10278
Sadaasa 27/2017(TOI) - Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu Humni Elektiriikii Itoophiyaa beeksise. Har'a galgala kana tasgabbii dhabuu sistamaatiin rakkoo mudateen guutuu biyyattiitti humni elektirikii addaan citeera. Rakkoo kana hiikuufi humnicha deebisuuf buufatalee maddoota humnaafi raabsaatti tattaaffiin olaanaa taasifamaa jira. Rakkoo umame Humni Elektiriikii Itoophiyaa hiikee hanga bakkasaatti deebisutti obsaan akka nu eegdan kabajaan gaafachaa, odeeffannoowwan jiran hatattaamaan kan isiniin biraan geenyu ta'a jechuun Tajaajilli Elektiriikii Itoophiy karaa miidiyaa hawaasummaa isaa beeksiseera.