ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Nagaa cimsuuf hojii dhaabbilee amantaa waliin hojjechuuf haallimijate cimee itti fufa
Nov 7, 2026 39
Onkoloolessa 28/2019 (ENA) - Nagaa cimsuuf hojii dhaabbilee amantaa waliin hojjechuuf haallimijate cimee itti fufa jedhan ministirri nagaa obbo Muusaa Adam ibsan. Ministirichi paatriyaarkii qulqulluu phaaphaasii phaaphaasotaa zeaksuma wa’icagee zemanbara Taklahayimaanoot fi abbootuu qulqulluu bataskaana Ortodoksii waliin sagantaa wal barumsaa taasisaniiru. Ministirichi wayita kana akka jedhanitti, ministirri nagaa biyyattii keessatti nagaa cimsuuf hariiroo dhaabbilee amantaa waliin eegale cimsee itti fufa. Mootummaan ida’amuu seenaan bataskaanittii akka eegamuu fi dhaabbatichu akka cimu yoomiyyuu caalaa xiyyeeffatee akka hojjetu dubbataniiru. Paatriyaarkii qulqulluu phaaphaasii phaaphaasotaa zeaksuma wa’icagee zemanbara Taklahayimaanoot gamasaaniin, bataskaanittiin nagaa biyyaalesaa mirkaneessuu fi hordoftoonnis hojiisaanii guyya guyyaa akka raawwatan hojjechaa jiraachuu ibsanii, hojiin kun cimee itti fufa jedhaniiru. Ministeera nagaatti de’eetaan ministiraa walitti bu’iinsa furuu fi ijaarsa nagaa Dr. Keyiraddiin Tazarraa gamasaaniin mootummaan ida’amuu bataskaanittiin ijaarsa biyyaa keessatti amantoota biyyattii biroo waliin ta’uun qoodni bahatte sirriitti akka hubatu ibsaniiru. Nageenya waaraa mirkaneessuuf ministeerichi hojiilee bataskaanittii waliin eegalaman cimsee akka itti fufu ibsuusaanii odeeffannoon ministeericharraa argame ni mul’isa. Sagantaa wal barumsaa kanarratti hojii gaggeessaan olaanaa walii galaa bataskaana Ortodoksii Itiyoophiyaa qulqulluu Abuna Saawiroos, barreessaan olaanaa qulqulluu sinoodoosii qulqulluu abuna diiyosqoriiyos barreessaan walii galaa gumii walii galaa dhaabbilee amantaa Itiyoophiyaa Liqa Tiguhaan Qesiis Taagaayi Taaddalaa argamaniiru. Biyya guddoo, ummata guddaa, mul’ata guddaa #Mootummaa ida’amuu See less
Milkaa'ina Guyyaa Sabootaa, Sablammootaa fi ummattootaf hunduu gahee isaa bahachuu qaba – Obbo Abdusalaam Waariyoo
Nov 7, 2026 94
Onkololessa 28/2019 (ENA)- Milkaa'ina Guyyaan Saboota, Sablammootaa fi ummattoota hunduu gahee isaa bahachuu qaba Jedhan Afyaa’iin Caffee Oromiyaa obbo Abdusalaam Waariyoo. Mariin qooda fudhattoota kabaja ayyaan sabaa, sab lammootaa fi sablammoota waliin taasifameera. Marii kanarratti Afyaa’iin Caffee Oromiyaa Obbo Abdusalaam Waariyoo, Guyyaan Saboota, Sablammootaa fi Ummattoota bara 1999 kabajamuu eegalu yaadachisaniru. Naannoon Oromiyaas imala waggoottan 20 darbanii keessatti hirmaannaa hunda galeessa taasisaa turuun ni yaadatama jedhan. Naannoon Oromiyaa Ayyaana kana Marsaa 2 qopheessuu kaasanii, Bara kana ammoo Marsaa 3ffaaf Magaalaa Jimmaatti kabajuuf Mootummaan Naannoo Oromiyaa qophii barbaachisu taasisaa jira jedhaniiru. Milkaa'ina isaaf hunduu gahee isaa bahachuu akka qabu waamicha taasisanii jiru. Kabaja ayyaanichaa ji’a tokko hafe kana milkeessuu keessatti qooda fudhattoonni dhimmi ilaalu hundinuu hojii kanaaf xiyyeeffannoo addaa kennanii, qindoomina sadarkaa federaalaa, naannoo, hanga Magaalaa Jimmaatti jiru cimsuun hojjechuun murteessaa ta’uu Dubbataniiru. Ayyaana bara kanaa adda kan taasisu, sirna federaalawaa sabdaneessaa danoomaan faayamee, mariin waaromee hundeeffama Mootummaa Ida’amuun itti fufiinsa isaa mirkaneesse qabannee, waadaa ummata keenyaaf galle hojii qabatamaan dhugoomsuuf hojjechaa yeroo jirrutti ta’uudha jedhan.
Seenaa Islaamaa Itiyoophiyaa fi duudhaalee hafuuraa ijaarsa mootummaa fi qaroominaaf oolchuun barbaachisaadha – Itti Aanaa Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa
Nov 7, 2026 71
Onkololessa 28/2019 (ENA)-Itti Aanaan Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa, seenaa Islaamaa Itiyoophiyaa fi duudhaalee hafuuraa ijaarsa mootummaa, qaroomina, tuurizimii fi hariiroo idil-addunyaaf oolchuun barbaachisaa ta’uu ibsan. Itti aanaan ministira muummee ergaa miidiyaa hawaasaa isaanii irratti dabarsaniin, waltajjii xumura yaa’ii idilee 1ffaa kan waggaa 2ffaa Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamaa Itiyoophiyaa irratti argamuusaaniitti gammachuu qaban ibsaniiru. Seenaa Nabii Yuusuf barumsa guddaa Qur’aana Qulqulluu keessatti argaman keessaa tokko ta’uu ibsanii, jaalala maatii, gantummaa, rakkoo fi qormaata keessa darbuun amantii fi obsaan dhugaa injifachuun akka danda’amu barsiisa jedhaniiru. Itoophiyaanis seenaa ishee keessatti shiraa fi gantummaa hedduu keessa darbitee, gufuuwwan mudatan injifachuun ulfinaa fi qaroomina ishee duraanii irra akka deebitu amantaa cimaa qabaachuu ibsaniiru. Itoophiyaan seenaa Islaamaa keessatti iddoo addaa akka qabdu kan ibsan yoo ta’u, biyya Um Ayiman, Mu’azzina jalqabaa Bilaal fi hijraa jalqabaa keessatti seenaa addaa qabdu, akkasumas biyya Najjaashii ta’uu yaadachiisaniiru. Harar, magaalaa qulqulluu Musliimotaaf sadarkaa afraffaa irratti argamtu jedhamtee beekamtu, Itiyoophiyaa keessatti argamti. Hambaa seenaa fi aadaa kana ijaarsa mootummaa, tuurizimii fi hariiroo idil-addunyaaf sirnaan itti fayyadamuu qabna jedhaniiru. Mootummaan Ida’amuu hafuura amantii akka humna guddaa biyyaalessaatti akka ilaalu ibsaniiru. Humna kana sirnaan yoo itti fayyadamne, mootummaa cimaa ijaaruu akka dandeenyu ibsaniiru. dhaabbileen amantii cimaa fi gahumsa qaban akka ta’an mootummaan deeggarsa taasisaa turuu isaa himaniiru. Waan nuti biyya keenyaaf hin hojjenne eenyullee nuuf hin hojjetu; waan nuti hin guddifne eenyullee nuuf hin guddifatu; nagaa biyya keenyaa yoo nuti hin eegne eenyullee nuuf hin eegu jechuunis ibsaniiru. Itti Aanaan Ministira Muummee ergaa dabarsaniin, “Namoonni ummataaf baay’ee fayyadan, isaan Rabbi biratti namoota jaallatamoo ta’aniidha” akkuma jedhame, jireenya ummata keenyaa, fayyaa, barnootaa fi nageenya kan fooyyessuu; qaroomina Ida’amuu Itiyoophiyaa ijaaruuf hojii gaarii hojjennee darbuun nurraa eegama” jechuun dhaamsa dabarsaniiru.
Yaa’iin paartilee siyaasaa Afriikaa 2ffaan labsii Finfinnee baasuun xumurameera
Nov 7, 2026 71
Onkoloolessa 28/2019 (ENA)- Yaa’iin paartilee siyaasaa Afriikaa lammaffaan labsii Finfinnee baasuun xumurameera. Yaa’iin paartilee siyaasaa Afriikaa lammaffaan Inisheetiivii 2040 paartilee siyaasaa Afriikaa” qopheessuuf waadaa kan itti galan labsii Finfinnee baasuun xumurameera. Inisheetiiviin 2040 paartilee siyaasaa Afriikaa, paartileen siyaasaa gumaacha fulla’aa misooma Afriikaa fulla’aaf taasisan itti fufsiisuuf kan gargaarudha. Yaa’iin paartilee siyaasaa Afriikaa Onkoloolessa 26 bara 2019 irraa eegalee mata duree “ guddina hoogganuu paartilee siyaasaa akka maandisoota dinagdee Afriikaa” jedhuun guyyoota sadiif Finfinnee yaadannoo ijnifannoo Adwaatti gaggeeffamaa tureera. Ummanni Itiyoophiyaa, ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad fi paartiinsaanii badhaadhinni Afriikaanonni ajandaasaanii waloorratti akka mari’atan kaka’imsa fudhataniif waltajjicharratti galateeffamaniiru. Inisheetiiviin 2040 paartilee siyaasaa Afriikaa waliigalteewwan demokiraasii, filannoo fi chaartarii bilchiinsaa, ajamdaa 2063, naannoo daldala bilisaa Afriikaa gamtaa Afriikaa fi kanneen biroon kan wal sime ta’uun ibsameera. Yaa’ii paartilee siyaasaa jalqabaa Gaanaatti gaggeeffamerratti kan ragga’e “labsiin Akraa” birmadummaa, bilisummaa fi tokkummaa bulchiinsaa biyyoota Afriikaaf garaagarummaa siyaasaa karaa nagaa furuuf ejjennoo qabachuunsaa ni beekama. Paartilee siyaasaa fi cehumsa dinagdee Afriikaa irratti kan bahe “labsiin Finfinnee” baranaa inisheetiivii paartilee siyaasaa Afriikaa raggaaseera. Labsii Finfinnee Kanaan paartileen siyaasaa Afriikaa bulchiinsa heera mootummaa, dhaabbilee ummataa bu’a qabeessa ta’an uumuuf, tasgabbii siyaasaa fi badhaadhina yeroo dheeraa ummattoota Afriikaaf qooda bahuuf waadaa galaniiru. Inisheetiivii paartilee siyaasaa Afriikaa barreessaa olaanaa ta’uun akka gaggeessan kan muudaman hogganaan damee hariiroo ummataa fi idil addunyaa paartii badhaadhinaa Dr. Biqilaa Hurrisaa walgahiiwwan sekreetariyaatii inisheetiivichaa taa’uun waadaaleen labsicharratti barreeffaman hojiirra ooluusaanii akka hordofu itti gaafatamni kennameeraaf.
Shiraan hulaa galaanaa akka dhabnuu fi humni galaanaa keenya akka diigamu taasifamuunsaa biyya keenya rakkoolee garagaraaf saaxileera
Nov 7, 2026 85
Omkoloolessa 28/2019 (ENA) - Shiraan hulaa galaanaa akka dhabnuu fi humni galaanaa keenya akka diigamu taasifamuunsaa biyya keenya rakkoolee garagaraaf saaxileera jedhan ajajaan humna galaanaa Itiyoophiyaa Vaayis Admiiraal Kinduu Gazzuu Gamtaan waldaa humnoota waraanaa fi raayyaa poolisii Itiyoophiyaa duraanii yaa’ii walii galaa afraffaa gaggeessaa jira. Hoggantoonni olaanoo humnoota waraanaa Itiyoophiyaa, hoggantoonni, miseensonnii humna galaanaa fi keessummoonni waamaman yaa’icharratti argamaniiru. Ajajaan olaanaa kun yaa’icharratti akka ibsanitti, gaaffiin hula galaanaa Itiyoophiyaa biyya biraa weeraruuf kan akeekame osoo hin ta’iin, karaa seera idil addunyaa fi dippilomaasii furmaata argachuuf carraaqqii taasifamudha. Dhimmichi karaa dippilomaasii furmaata akka argatu hula galaanaa jalaa fudhatame deebisiisuuf qophiidha jechuun ibsaniiru. Itiyoophiyaan galaana diimaarraa fagaachuunshee cabiinsa seenaa biyyattii mudate keessaa tokko ta’uu kan ibsan Vaayis Admiiraal Kinduun, humni galaanaa keenya shiraan akka diigamu akkasumas Hulaa galaanaa akka dhabnu taasifamuunsaa biyya keenya rakkoo garagaraaf saaxileera jedhaniiru. Walitti hidhamiinsi Itiyoophiyaan galaana diimaa waliin qabdu waraana addunyaa lammaffaa booda qofa akka hin eegalamne kaasanii, hariiroon daldalaa biyyi keenya Asabii fi Mitsiwwaa waliin qabdu bara qaroominaa durii kan fulla’u ta’uu ibsaniiru. Miseensonni humnoota waraanaa fi raayyaa poolisii Itiyoophiyaa duraanii barasaaniitti tajaajila loltummaa keessatti muuxannoon horatanii fi ashaaraan seena qabeessi kaa’an dhaloota ammaa fi egereef fakkeenya kan ta’udha jedhaniiru. Muuxannoon kunii fi miirri jaalala biyyaa ijaarsa humna galaanaa ammaa fi dhaloota itti aanuuf fakkeenya akka ta’u ibsuusaanii odeeffannoon miidiyaa onlaayinii ittisaa ni mul’isa.
Siyaasa

Naannoo Tigraayitti dhaloota nageenya waaraa fi tokkummaa cimsu horachuuf abdiin ifaa uumameera
Nov 7, 2026 104
Onkoloolessa 28/2019 (ENA)- Naannoo Tigraayitti dhaloota tokkummaa nageenya waaraa fi obbolummaa irratti hundaa’e ijaaruudhaan addunyaa dijitaalaarrattis shoora bahu horachuuf abdiin ifaa uumamuusaa gaazexessaan televizhinii duraanii Damooraa Yahiyaa ibse. Fedhiin ummata Tigraayi inni guddaan nagaa yoo ta’u, gaaffileen siyaasaa inni qabus karaa nagaa qofa akka furamuuf akka barbaadu ibseera. Kanaaf dhaabbilee nagaa booressan mormuudhaan nageenyasaa eeggachuu qaba jedheera. Dhaloota seenaa aarsaa waggoota hedduu guduunfuudhaan teeknooloojii, nagaa fi tokkummaa irratti xiyyeeffatu uumuun akka barbaachisu gaazexessaan kun hubachiiseera. Haala Kanaan qoodni dargaggootaa murteessaa ta’uu fi rakkoo jiran karaa nagaa furuun akka barbaachisu eereera. Kana malees bulchiinsa yeroo naannichaa cimsuu fi mootummaa federaalaa waliin ta’uun misooma saffisiisuun itti gaafatama nama hundaa ta’uu dubbateera. Naannichi hojii misoomaa biyyaalessaa kanneen akka misooma kooriidaraa, tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob fi hidha haaromsaa guddichaan wal qabatan irratti hirmaachuun magaalotasaa misoomsuu akka qabu ibseera. Naannoon Tigraayi gara nageenya waaraa, tokkummaa, teeknooloojii fi misoomaatti akka cehu tumsi dargaggootaa, ummataa fi bulchiinsichaa murteessaa ta’uu dubbateera.
Yaadamni Ida'amuu obbolummaa Afriikaanotaa cimsuuf gumaacha olaanaa qaba
Nov 7, 2026 81
Onkololeessa 28/2019 (ENA)-- Yaadamni Ida'amuu Itoophiyaa qofa utuu hin ta’iin biyyoota Afriikaa tokkummaa fi tumsa cimsuun obbolummaa uummatootaa cimsuuf gumaacha olaanaa akka qabu Hogganaan damee hariiroo ummataa fi idil addunyaa Dr. Biqilaa Hurrisaa ibsan. Yaa’iin paartiilee siyaasaa Afriikaa 2ffaan mataduree “guddina hoogganuu paartileen siyaasaa akka maandisoota dinagdee Afriikaa egeree” jedhuun yaadannoo injifannoo Adwaatti gaggeeffamaa jira. Hogganaan damee hariiroo ummataa fi idil addunyaa Dr. Biqilaa Hurrisaa ENA’f akka ibsanitti , yaada Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad maddisiisaniin hojiirra kan oole yaadamni Ida'amuu damee hundaan bu'aa fidaa jira. Ida’amuun Itoophiyaarra darbee Afriikaattis bu'aa guddaa kan fidu ta'uu kaasanii, sadarkaa Afriikaatti jireenya lammiilee jijjiiran hojiirra oolchuun barbaachisaa ta'uu ibsaniiru. Afriikaatti paartiileen sagalee caalu argatanii mootummaa hundeeffattan jireenya uummata isaanii jijjiiruuf kutannoodhaan hojjechuu akka qaban ibsaniiru. Yaa’icharratti irratti hojiirra oolmaa yaada ida’amuun Itoophiyaa keessatti jijjiiramoota dhufan dhiyaachuunii fi biyyootonni Afriikaa muuxannoo fudhachaa jiraachuu eeraniiru. Yaadamni ida’amuu Itoophiyaarra darbee tokkummaa biyyoota Afriikaa, tumsaa fi hariiroo uummataa fi uummataaf qabu guddisuuf gumaacha olaanaa akka qabu hubachiisaniiru. Itoophiyaan yeroo dhihoo asitti yaa’iiwwan idil-addunyaa hedduu keessummeessaa kan jirtu ta'uu kaasanii, koonfiraansota idil-addunyaa 250 ol biyyattiitti gaggeeffamuun isaa Itoophiyaan nagaaf fi yaa’ichaaf filatamtuu ta'uu agarsiisa jedhaniiru. Konfiraansii Turizimiif, hariiroo uummataa fi uummata biyyoota Afriikaa fi akkasumas hojii dippilomaasii cimsuu irratti yaa’ichi faayidaa olaanaa akka qabu ibsaniiru. Yaa’ichi hoggantoota biyyoota Afriikaa garagaraa irraa dhufan Finfinnee akka daawwatan fi pirojektoota misoomaa magaalichatti raawwataman akka ilaalan carraa kan uume ta'uu dubbataniiru
Paartiin badhaadhinaa inisheetiivii paartilee siyaasaa Afriikaa akka gaggeessu filatame
Nov 7, 2026 96
Onkoloolessa 28/2019 (ENA) - Paartiin badhaadhinaa inisheetiivii paartilee siyaasaa Afriikaa (APPS ) akka gaggeessu filatameera. Yaa’iin paartilee siyaasaa Afriikaa mata duree “guddina hoogganuu paartileen siyaasaa akka maandisoota dinagdee Afriikaa egeree” jedhuun yaadannoo injifannoo Adwaatti gaggeeffameera. Paartiin badhaadhinaa inisheetiivii paartilee siyaasaa Afriikaa olaantummaan akka gaggeessu yaa’ii Kanaan sagalee guutuun akka filatame beeksiseera. Hogganaan damee hariiroo ummataa fi idil addunyaa Dr. Biqilaa Hurrisaa inisheetiivicha akka gaggeessan barreessaa muummee (Executive Secretary) ta’uun filatamaniiru. Kunis hirmaannaa fi beekamtii Ardiii paartichaa kan agarsiisu boqonnaa guddaatti fudhatamuunsaa beekameera.
Itiyoophiyaan milkaa’ina misoomaa guddina waaraa Itiyoophiyaa mirkaneessan galmeessisaa jirti
Nov 6, 2026 260
Onkoloolessa 27/2019 (ENA)-Itiyoophiyaan misooma Invastimanrii anniisaa, Industirii fi hojiilee oomishtummaarratti hojii hojjetteen milkaa’inoota guddina fulla’aa mirkaneessan galmeessisaa akka jirtu dura teessuun wiirtuu bulchiinsa Afriikaa Benediktaa Laasii ibsan. Dura teessuun kun kana kan ibsan yaa’ii paartilee siyaasaa Afriikaa 2ffaa bakka ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad arganaitti gaggeeffamerrattidha. Dura tessuun ku akka ibsanitti, guddini oomisha Itiyoophiyaa biyya keessaa yeroo yerootti jijjiirama agarsiisaa dhufuusaa eeraniiru. Yaa’iin kun yaadannoo injifannoo Adwaatti gaggeeffamuunsaa Itiyoophiyaan mirga carraa ofii murteeffachuu Afriikaaf fakkeenya ta’uushee agarsiisa jedhaniiru. Kana malees Paartileen aangoo qabachuusaaniin dura hojii mootummaaf qophii ga’aa gochuu, dhaabbilee qorannoo fi qu’annoo cimsuu akka qaban hubachiisaniiru. Afriikaan hanqina faayinaansii misoomaa qabaattus qabeenya guddaa akka qabdu eeranii, paartileen dhaabbileen bulchiinsaa fi dhaabbileen idil addunyaa tumsaan hojjechuu akka qaban ibsaniiru. Akkasumas ajandaa 2063 fi walii galtee naannoo daldala bilisaa Afriikaa hubachuun murtoowwan murteeffaman mootummoonni yoo jijjiiramanis akka itti fufan paartileen qoodasaanii akka bahan hubachiisaniiru. Hirmaannaan dubartootaa fi dargaggootaa cimuu akka qabu cimsanii dubbataniiru. Yaa’icha kan qopheessan mootummaa Itiyoophiyaa fi paartii badhaadhinaa galateeffataniiru.
Paartiin Badhaadhinaa falaasama Ida’amuun hogganamu kaayyoo biyyalessaa gamtaaf waloon hojjechuuf qajeeltoo kan godhateedha
Nov 6, 2026 192
Onkoloolessa 27/2019 (ENA): Itoophiyaatti Paartiin Badhaadhinaa falaasama ida’amuutiin hoogganamu kaayyoo biyyalessaa gamtaan waloon hojjechuu qajeeltoo kan godhate ta’uu Pirezidaantiin paartichaa fi Ministirri Mummee doktar Abiyyi Ahimad ibsan. Yaa’iin Paartiilee siyaasaa Afriikaa 2ffaan mata duree "Guddina hoogganuu'' galma yaadannoo Injifannoo Adwaatti gaggeeffamuu eegaleera. Pirezidaantiin Paartii Badhaadhinaa fi Ministirri Mummee FDRI Doktar Abiyyi Ahimad wayita sana akka jedhanitti; lammiileen jireenya fooyya’aa akka jiraataniif paartiileen siyaasaa itti gaafatamummaa biyyalessaa guddaa qabu. Paartiileen siyaasaa ummata biratti amantaa yoo dhaban akka paartiittis ta’ee akka siyaasaatti ni kasaaru jedhaniiru. Itoophiyaatti Paartiin Badhaadhinaa falaasama Ida’amuun hoogganamu kaayyoo waloo tokkoof waliin hojjechuu qajeeltoosaa kan godhate ta’uu ibsaniiru. Paartiin Badhaadhinaa Itoophiyaanota naannoowwan garagaraarraa dhufanii gaaddisa Itoophiyaawwaniitiinn walitti qabamuun paartii biyyalessaa uuman ta’uu dubbataniiru.

Hawaasummaa
Nagaa cimsuuf hojii dhaabbilee amantaa waliin hojjechuuf haallimijate cimee itti fufa
Nov 7, 2026 39
Onkoloolessa 28/2019 (ENA) - Nagaa cimsuuf hojii dhaabbilee amantaa waliin hojjechuuf haallimijate cimee itti fufa jedhan ministirri nagaa obbo Muusaa Adam ibsan. Ministirichi paatriyaarkii qulqulluu phaaphaasii phaaphaasotaa zeaksuma wa’icagee zemanbara Taklahayimaanoot fi abbootuu qulqulluu bataskaana Ortodoksii waliin sagantaa wal barumsaa taasisaniiru. Ministirichi wayita kana akka jedhanitti, ministirri nagaa biyyattii keessatti nagaa cimsuuf hariiroo dhaabbilee amantaa waliin eegale cimsee itti fufa. Mootummaan ida’amuu seenaan bataskaanittii akka eegamuu fi dhaabbatichu akka cimu yoomiyyuu caalaa xiyyeeffatee akka hojjetu dubbataniiru. Paatriyaarkii qulqulluu phaaphaasii phaaphaasotaa zeaksuma wa’icagee zemanbara Taklahayimaanoot gamasaaniin, bataskaanittiin nagaa biyyaalesaa mirkaneessuu fi hordoftoonnis hojiisaanii guyya guyyaa akka raawwatan hojjechaa jiraachuu ibsanii, hojiin kun cimee itti fufa jedhaniiru. Ministeera nagaatti de’eetaan ministiraa walitti bu’iinsa furuu fi ijaarsa nagaa Dr. Keyiraddiin Tazarraa gamasaaniin mootummaan ida’amuu bataskaanittiin ijaarsa biyyaa keessatti amantoota biyyattii biroo waliin ta’uun qoodni bahatte sirriitti akka hubatu ibsaniiru. Nageenya waaraa mirkaneessuuf ministeerichi hojiilee bataskaanittii waliin eegalaman cimsee akka itti fufu ibsuusaanii odeeffannoon ministeericharraa argame ni mul’isa. Sagantaa wal barumsaa kanarratti hojii gaggeessaan olaanaa walii galaa bataskaana Ortodoksii Itiyoophiyaa qulqulluu Abuna Saawiroos, barreessaan olaanaa qulqulluu sinoodoosii qulqulluu abuna diiyosqoriiyos barreessaan walii galaa gumii walii galaa dhaabbilee amantaa Itiyoophiyaa Liqa Tiguhaan Qesiis Taagaayi Taaddalaa argamaniiru. Biyya guddoo, ummata guddaa, mul’ata guddaa #Mootummaa ida’amuu See less
Seenaa Islaamaa Itiyoophiyaa fi duudhaalee hafuuraa ijaarsa mootummaa fi qaroominaaf oolchuun barbaachisaadha – Itti Aanaa Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa
Nov 7, 2026 71
Onkololessa 28/2019 (ENA)-Itti Aanaan Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa, seenaa Islaamaa Itiyoophiyaa fi duudhaalee hafuuraa ijaarsa mootummaa, qaroomina, tuurizimii fi hariiroo idil-addunyaaf oolchuun barbaachisaa ta’uu ibsan. Itti aanaan ministira muummee ergaa miidiyaa hawaasaa isaanii irratti dabarsaniin, waltajjii xumura yaa’ii idilee 1ffaa kan waggaa 2ffaa Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamaa Itiyoophiyaa irratti argamuusaaniitti gammachuu qaban ibsaniiru. Seenaa Nabii Yuusuf barumsa guddaa Qur’aana Qulqulluu keessatti argaman keessaa tokko ta’uu ibsanii, jaalala maatii, gantummaa, rakkoo fi qormaata keessa darbuun amantii fi obsaan dhugaa injifachuun akka danda’amu barsiisa jedhaniiru. Itoophiyaanis seenaa ishee keessatti shiraa fi gantummaa hedduu keessa darbitee, gufuuwwan mudatan injifachuun ulfinaa fi qaroomina ishee duraanii irra akka deebitu amantaa cimaa qabaachuu ibsaniiru. Itoophiyaan seenaa Islaamaa keessatti iddoo addaa akka qabdu kan ibsan yoo ta’u, biyya Um Ayiman, Mu’azzina jalqabaa Bilaal fi hijraa jalqabaa keessatti seenaa addaa qabdu, akkasumas biyya Najjaashii ta’uu yaadachiisaniiru. Harar, magaalaa qulqulluu Musliimotaaf sadarkaa afraffaa irratti argamtu jedhamtee beekamtu, Itiyoophiyaa keessatti argamti. Hambaa seenaa fi aadaa kana ijaarsa mootummaa, tuurizimii fi hariiroo idil-addunyaaf sirnaan itti fayyadamuu qabna jedhaniiru. Mootummaan Ida’amuu hafuura amantii akka humna guddaa biyyaalessaatti akka ilaalu ibsaniiru. Humna kana sirnaan yoo itti fayyadamne, mootummaa cimaa ijaaruu akka dandeenyu ibsaniiru. dhaabbileen amantii cimaa fi gahumsa qaban akka ta’an mootummaan deeggarsa taasisaa turuu isaa himaniiru. Waan nuti biyya keenyaaf hin hojjenne eenyullee nuuf hin hojjetu; waan nuti hin guddifne eenyullee nuuf hin guddifatu; nagaa biyya keenyaa yoo nuti hin eegne eenyullee nuuf hin eegu jechuunis ibsaniiru. Itti Aanaan Ministira Muummee ergaa dabarsaniin, “Namoonni ummataaf baay’ee fayyadan, isaan Rabbi biratti namoota jaallatamoo ta’aniidha” akkuma jedhame, jireenya ummata keenyaa, fayyaa, barnootaa fi nageenya kan fooyyessuu; qaroomina Ida’amuu Itiyoophiyaa ijaaruuf hojii gaarii hojjennee darbuun nurraa eegama” jechuun dhaamsa dabarsaniiru.
Hojii tajaajila abbaa seerummaa qulqulluu, si’ataa, dhaqqabamaa fi bu’a qabeessa taasisuuf ni hojjetama
Nov 7, 2026 65
Onkololeessa 28/2019 (ENA)--Hojii tajaajila abbaa seerummaa qulqulluu, si’ataa, dhaqqabamaa fi bu’a qabeessa taasisuuf ni hojjetama jedhan Jilli pireezidantiin Mana murti waligalaa oromiyaa Dr. Otukkaanaa Odaan duurfamuun Mana Murtii Waliigalaa Federaalaatti argamuun daawwannaa hojii fi wal jijjiirraa muuxannoo gaggeesseera. Dr. Otukkaanaa Odaa, Kaayyoon dawwanna kana hojiiwwan riifoormii manneen murtii walirraa qooddachuun hojii tajaajila abbaa seerummaa qulqulluu, si’ataa, dhaqqabamaa fi bu’a qabeessa taasisuuf akka ta’ee kaasanii jiru. Pirezidantiin mana murtii waligalaa federaala Obbo Teewodiroos Mihrat, gama isaanitiin hojiiwwan riiformii sadarkaa federaalatti hojetamaa jiran akka Manneen Murtii biyyattii keessa jiran hundaaf ta’utti kan hojetaa jiran jedhan. Riifoormiwwan wal fakkaataa sadarkaa manneen murtii biyyattii hundatti hojiirra ooluu akka qabaniif kan hojetan ta’uus dubbataniiru.
Godina kibba lixaa Oromiyaatti abbootii warraa miiliyoona 1 tuqaa 3 ol miseensa inshuraansii fayyaa taasisuuf karoorfameera
Nov 7, 2026 64
Onkoloolessa 28/2019(ENA)- Godina kibba lixaa Oromiyaatti abbootii warraa miiliyoona 1 tuqaa 3 ol miseensa inshuraansii fayyaa taasisuun namoota miiliyoona 5’f tajaajila waldhaansaa waliin gahuuf karoorfamuu waajjirri fayyaa godinichaa ibseera. Inshuraansiin fayyaa hawaasaa namni kamiyyuu hanqina maallaqaatiin tajaajila waldhaansaa akka hin dhabne taasisuun olitti dandeettii faayinaansii dhaabbilee fayyaa cimsuun qulqullina tajaajilaa guddisuuf akka gargaaru eerameera. Itti gaafatamaan waajjira fayyaa godinichaa obbo Fu’aad Saabiit akka ibsanitti, bardheengaddaa abbootiin warraa miiliyoona 1 caalan miseensa inshuraansii fayyaa ta’uun namoonni miiliyoon 4 caalan tajaajila waldhaansa tolaa argataniiru. Baranas abbootii warraa miiliyoona 1 tuqaa 3 ol miseensa inshuraanii fayyaa taasisuun namoota miiliyoona 5’f waldhaansa kennuuf karoorfameera jedhaniiru. Paartii badhaadhinaatti itti gaafatamaan dame siyaasaa kibba lixa Oromiyaa obbo Mahaammad Xahaa Abbaa Fiixaa miseensota inshuraansii fayyaa horachuun duulaan osoo hin daangeffamiin sirnaan gaggeeffamuu fi tajaajilli kennus si’ataa fi itti quufinsa maamiltootaa kan mirkaneessu ta’uu akka qabu ibsaniiru. Paartii badhaadhinaatti itti gaafatamaan waajjira dame godina kibba lixa Oromiyaa obbo Didhaa Guddataa gamasaaniin, mootummaan lammii fayyaalessaa fi dandeettii oomishaa qabu horachuuf xiyyeeffatee hojjechaa akka jiru eeraniiru. Hawaasni tajaajila fayyaa qulqulluu fi haqa qabeessa akka argatu kan didiirfame sagantaan inshuraansii fayyaa karoora damee fayyaa keessatti of danda’uu keessatti qooda olaanaa akka qabu dubbataniiru.
Diinagdee
Naannoo Harariitti dandeettii oomishtummaa guddisuudhaan birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf qindoominaan hojjetamaa jira
Nov 7, 2026 64
Onkoloolessa 28/2019 (ENA) - Naannoo Harariitti dandeettii oomishtummaa guddisuudhaan birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf qindoominaan hojjetamaa jiraachuu itti aantuun pirezidaantii naannichaa Roozaa Umar ibsan. Pirezidaantiin naannoo Hararii Ordiin Badrii, naannicha aanaa Soofii ganda qileetti argamuun misooma jallisii bonee baranaa ifatti eegalchiisaniiru. Itti aantuun pirezidaantii fi hoggantuun biiroo misooma qonnaa naannichaa Roozaa Umar akkasumas hooggantoonni naannichaa biroon sagantaa eegalchiisaa kanarratti argamaniiru. Itti aantuun pirezidaantii fi hoggantuun biiroo misooma qonnaa naannichaa Roozaa Umar, misooma jallisii boneetiin barana lafti hektaara kuma 5 ol ni misooma jedhaniiru. Lafa kanarraa oomisha kuntaala miiliyoona 1 ol galchuuf qophiin taasifamuu dubbataniiru. Jallisii bonee Kanaan Qamadii dabalatee midhaan garagaraa akkasumas kuduraa fi muduraan ni misooma jedhaniiru. Itti fayyadama bishaan lafa keessaa waliin qindeessuun waggaatti al sadii misoomsuun baramaa dhufuusaas kaasaniiru.
Bulchiinsa Magaalaa Adaamaatti Sagantaan jalqabsiisa gurgurtaa oomisha paappayyaa al-ergitootaa gaggeeffame
Nov 7, 2026 102
Onkololeessa 28/2019 (ENA)- Bulchiinsa Magaalaa Adaamaatti Sagantaan jalqabsiisa gurgurtaa oomisha paappayyaa al-ergitootaa fi daldaltoota jimilaa gaggeeffameera. Saganticharratti Itti aanaan Hoogganaa Biiroo Qonna Oromiyaa Dr. Alamuu Dasaa argamuun haasaa taaaisaniin qabeenya bishaanii, lafa mijaawaa fi humna oomishu gahaa osoo qabnuu waggoota dheeraaf lafti oomisha malee ta'aa ture oomisha wabii nyaataa mirkaneessaniii fi ce'umsa dinagdee qonnaan bulaa mirkaneessan misoomsuurratti jalqabbiin hojii gaarii jiru itti fufsiisuuf kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru. Hojii gaarii eegalame kana qorannoofi ogummaan deeggaruun qindoominaan babal'isuurratti kan hojjetamu ta'uu ibsaniiru. Qabeenya guddaa hojii misooma qonnaatiif naannoon keenya lafa, bishaanii fi humna namaarratti qabdu qixa sirriitti hojiirra oolchuun ce'umsa dinagdee qonnaan bulaa fi horsiisee bulaa keenyaa milkeessuuf Ogeessii fi hooggansi sadarkaan jiru cimee hojjechuu akka qabu dhaamaniiru. Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa Obbo Hayiluu Jaldee badhaadhinni uumamaa fi uummata walitti araarsuun Qonnnaan bulaan keenya hojjetee hiyyummaa keessaa akka bahuuf galma qabateen badhaadhina hunda-galeessa mirkaneessuuf hojjetamaa jira jedhaniiru. Guyyaa har'aa qonnaan bultoonni oomisha paappayyaa al-ergitootaa fi daldaltoota jimilaaf dhiheessaa jiraachuu himaniiru. Dabalataanis Bulchiinsi magaalaa Adaamaa Lafa qonnaa hektaara kuma 17 qabu tekinooloojii fi galteewwan qonnaatti gargaaramuun Qonnaan bultoonni oomishuun gabaaf dhiheessuun fayyadamoo akka ta'aniif qorannoodhaan oomishaalee misoomaniin adda baasuun hojiin jalqabame cimsuun babal'isuun hawaasni magaalaa Adaamaa nyaataan akka of-danda'uuf kan hojjetamu ta'uu ibsuuniiru. BQO irraa
Bu'uuraaleen misoomaa haaraan sirna geejjibaa magaalittii ammayyeessaniiru
Nov 7, 2026 137
Onkoloolessa 28/2019 (ENA)--Bu'uuraalee misoomaa ammayyaa adda addaa magaalaa guddittiitti ijaarame sirna geejjibaa magaalaa ammayyeessuu isaanii Biiroon Geejjibaa Magaalaa Finfinnee ibse. Mootummaan ida’amuu misooma magaalaatiif xiyyeeffannoo kennuun hojiileen misoomaa faayidaa hedduu qaban raawwatamaniiru. Keessattuu misooma koridarii fi qarqara lagaa miidhagina magaalotaa kanaan duraa jijjiiruun lammiileef jireenya mijataa, qulqulluu uumuun danda'meera. Jijjiirrama gaarii kanaaf fakkeenya guddaan magaalaa Finfinnee yoo taatu, kanaan dura lafoo deemtootaa fi hanqina paarkingii irraa kan ka'e balaan tiraafikaa mudachaa ture sadarkaa olaanaatti hambisuun danda'ameera. Itti-aanaan hogganaa Biiroo Geejjibaa Magaalaa Finfinnee Obbo Daanyaachoo Shifarawu ENA’f akka ibsanitti, hojiileen misoomaa saffisaa fi dinqisiisoo ta’an magaalaa guddittii keessatti raawwataman magaalaan kun mijattuu fi nageenyi ishee mirkanaa'e filatamtuu ishee taasiseera jedhaniiru. Keessattuu misooma koridaraa daandiiwwan lafoo deemtootaa bal'aan ijaaramuun Miilaan shaakala deemuu gabbisuun jireenya haaraa fideera. Kunis fayyaaf, baasii akkasumas qilleensi akka hin faalamneef gumaacha ol'aanaa taasisaa jira. Kanaan dura magaalaattiitti kan hin baratamne kanneen akka saayikilii tajaajilli geejjibaa mootor-maleeyyiin amma bal'inaan eegaluu isaanii eeraniiru. Filannoowwan haaraan kun rakkina geejjibaa jiraattotaa hambisuu irra darbee geejjibaa magariisaa ijaaruuf faayidaa guddaa akka qaban dubbataniiru. Walumaagalatti hojiileen misoomaa raawwataman filannoowwan geejjibaa magaalaatiif bal'isuun jireenya guyyaa guyyaa jiraattotaa salphaa taasisaa jira jedhaniiru. Magaalattitti kanaan dura paarkingii lama kan hin caalle turuusaa yaadachiisanii, amma garuu yeroo tokkotti konkolaattota kuma kudhaniin lakkaa'aman keessummeessuu kan danda'an paarkingiiwwan hedduu ijaaramuu isaanii ibsaniiru. Bu'uuraaleen misoomaa haaraan kun sirna geejjibaa magaalaatti ammayyaa’aa fi qabatamaa gochuu irratti jijjiirrama guddaa fidaa jiraachuu Obbo Daanyachoon dubbataniiru.
Godina Kibba-Lixa oromiyaatti oomishni ruuzii kuntaalli miliyoona 23 fi kuma 800 ol ni eegama
Nov 7, 2026 86
Onkoloolessa 28/2019 (ENA) - Godina kibba lixa Oromiyaatti oomishni ruuzii kuntaala miliyoona 23 fi kuma 800 ol kan eegamu yoo ta'u, hojiin oomisha sassaabuu hojjetamaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa ibseera. Itti gaafatamaan Waajjirri Qonnaa Godinichaa Obbo Tijjaanii Tamaam ENA’f akka ibsanitti, bara kana godinichatti lafti hektaarri kuma 594 fi 400 ol misooma Ruuziin facaafameera . Aanaawwan godinichatti hojiin sassaabbii oomisha ruuzii gaggeeffamaa jiraachuu kan ibsan itti gaafatamichi, qonnaan bulaaf leenjiin barbaachisaa ta'e dursuun kennamuun isaa oomishni midhaanichaa gaarii akka ta'u deeggaruusaa ibsaniiru. Hojiin oomisha ruuzii walitti qabuu kun kombayinaraan deeggaramaa waan jiruuf, qisaasama oomishaa ittisuuf akka dandeessisu ibsaniiru. Godinichatti Aanaa Limmuu Kosaatti qonnaan bultoota ruuzii omishan keessaa Obbo Naasir Jamaal, misooma ruuzii jalqabuma irraa eegalee eeggannoo fi deeggarsa ogeeyyiitiin gaggeeffamuunsaa qisaasama kan hanbisu ta’uu ibsaniiru. oomishni isaanii haala gaariin guddatee sassaabamaa jiraachuu kan eeran qonnaan bulaan kun misooma ruuziirraa fayyadamoo ta'uu isaanii ibsaniiru. Qonnaan bulaan aanichaa biraan Obbo Tsaggaayee Seyfuu gama isaaniitiin, ruuzii karaa qindaa’aa ta'een omishuun isaanii fayyadamummaa isaanii akka guddise ibsaniiru. Bara kana oomisha guddaa eeguu isaanii eeruun, deeggarsa waajjirri qonnaa taasisaniin omishichi kookombayinarootaan walitti qabamuunsaa haala mijataa kan uumuuf ta'uu ibsaniiru.
Saayinsii fi teeknooloojii
Sirni eebbaa wiirtuu ga’oomaa miidiyaan Itiyoophiyaa gaggeeffamaa jira
Nov 5, 2026 285
Onkoloolessa 26/2019 (ENA)- Sirni eebbaa wiirtuu ga’oomaa miidiyaa Itiyoophiyaa abbaan taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa ijaarsise gaggeeffamaa jira Daarektar jeneraaliin tajaajila odeeffannoo fi nageenyaa biyyaalessaa fi walitti qabaan boordii abbaa taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa ambaasaaddar Reedwaan Huseen, miseensonni mana maree bakka bu’oota ummataa, hoggantoonni miidiyaalee garagaraa fi keessummoonni afeeraman sirna eebbaa kanarratti argamaniiru. Wiirtuun kun dandeettii gaazexeessummaa fi dame miidiyaalee gabbisuuf kan akeekame yoo ta’u, bekumsa, ogummaa fi sadarkaa naamusa gaazexessitootaa fi hoggantoota miidiyaalee fooyyessuun kaayyoowwan hundeeffameef keessaayyu. Damee kana qorannoo fi leenjiin deeggaruun akkasumas leenjiiwwan itti fayyadama teeknooloojii miidiyaa guddisan leenjisuun kaayyoo wiirtuu kanaati. Keessummoonni sagantaa kanarratti hirmaatan wiirtuu kana irra deemanii daawwataniiru.
Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob magaalaa Maqaleetti eegalamuufi
Nov 2, 2026 648
Onkoloolessa 23/2019 (ENA) -Naannoo Tigraayi magaalaa Maqaleetti tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob eegalchiisuuf qophiin eegalamuu hojii raawwachiisaan olaanaa tajaajila Masoob Yoonaas Alamaayyoo ibsan. Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob teeknoooloojii man-dhaleetti gargaaramuun tajaajiloota dhaabbilee moorummaa gaaddisa tokko jalatti walitti fiduun ummataaf kan dhiheessu ta’uu obbo Yoonaas Alamaayyoo dubbataniiru. Guutuu biyyaatti tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob 114 gahuusaa eeranii, lammiileen miil. 2 tuqaa 7 caalan tajaajila kanatti fayyadamaa akka jiran dubbataniiru. Tajaajilli kun magaalaa Maqaleettis hatattamaan akka eegalamu ni hjjetama jedhaniiru. Tajaajiloota dhaabbileen mootummaa kennan bakka tokkotti fiduun ammayyeessuudhaan hojmaata badaa hir’isuu fi itti quufinsa maamiltootaa guddisuuf wiirtuun kun gumaacha guddaa akka qabu kantiibaan bulchiinsa magaalaa Maqalee Dr. Shiishaayi Amaaree ibsaniiru. Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Maqalee Dr. Shiishaayi Amaaree Onkoloolessa 17 bara 2019 irraa eegalee obbo Simi’oon Tasfaamaariyam hogganaa tajaajila wiirtuu tokkoo magaalaa Maqalee akka ta’an muuduunsaanii ni yaadatama.
Bulchiinsa magaalaa Adaamaatti tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob babal’isuuf xuyyeeffatameera
Nov 1, 2026 485
Onkoloolessa 22/2019 (ENA)- Bulchiinsa magaalaa Adaamaatti tajaajila dijitaalaa wiirtuu tokkoo Masoob babal’isuuf xuyyeeffatamuu tajaajilli wiirtuu tokkoo magaalichaa beeksise. Bulchiinsa magaalaa Adaamaatti hawaasni bakka jirurraa karaa intarneetii tajaajila akka argatu kan gargaaru tajaajila wiirtuu tokkoo dijitaalaa Masoob babal’isuuf xiyyeeffatamee hojjetamaa jiraachuu qindeessaan tajaajila wiirtuu tokkoo magaalichaa obbo Makuraa Dinquu ibsaniiru. Yeroo ammaa magaalattii fi kutaalee magaalaa sadii keessatti wiirtuulee tajaajila Mesob banaman keessatti kanneen akka lafa, hayyama ogummaa, galii fi baankii dabalatee tajaajiloonni 138 teeknooloojii ammayyaatiin kennamaa akka jiran kaasaniiru. Kurmaana jalqabaa bara baajataa kanatti, tajaajila hayyama daldalaa (E-TRADE) qofaan maamiltoonni kuma 37 karaa intarneetii bakka jiranitti tajaajila argachuusaanii kaasaniiru. Tajaajilicha kutaalee magaalaa hunda keessatti qaqqabamaa taasisuuf gamoowwan ijaaramaa kan jiran yoo ta’u, hanga walakkaa lammaffaa bara baajataatti tajaajiloota hunda karaa intarneetii kennuu fi tajaajila bakkaa bakkatti deemuun kennamu jalqabuuf hojjetamaa jira jedhaniiru. Hawaasni magaalattii ENA’f yaada kennan wiirtuun Masoob tajaajiloonni wiirtuu tokkotti kennaman deddeebii, yeroo qisaasamuu fi malaammaltummaa hir’isuu isaa ibsaniiru. Obbo Gadiyoon Maaree hayyama babal’ina invastimantii gaafachuuf gara wiirtichaa dhufuu isaanii ibsanii, kanaan dura tajaajila mootummaa argachuuf waajjira irraa gara waajjiraatti deddeebi’uun yeroo dheeraa akka fudhatu, amma garuu tajaajila saffisaa fi bu’a qabeessa argachaa akka jiran dubbataniiru. Aadde Tasfuu Birruu gama isaaniitiin, dhimma taatee bu’uraa isaanii daqiiqaa muraasa keessatti xumuruun bahuu isaanii ibsanii, saffisa fi tajaajila rakkoo deddeebii irraa bilisa ta’e argachuu isaaniitti gammaduu isaanii ibsaniiru. Maamiltoonni tajaajilichi saffisa hojii, iftoomina, itti gaafatamummaa fi bulchiinsa gaarii cimsuuf murteessaa ta’uu ibsuun, cimee akka itti fufu gaafataniiru.
Itoophiyaan yakkoota daangaa ce'an ittisuuf teeknoolojii qunnamtii Imaltoota Idil-Addunyaa hojiirra oolchuufi
Oct 31, 2026 586
Onkoloolessa 21/2019 (ENA) Itoophiyaan yakkoota daangaa ce'an ittisuuf yakkamtoota dabarsanii kennuuf teeknoolojii walqunnamtii imaltoota idil-addunyaa hojiirra oolchuuf ta'uu Ajajaan Waliigalaa Poolisii Federaalaa Itoophiyaa Komishinar Jeneraal Damallaash Gabramikaa’el ibsan. Sirni teeknoolojii walqunnamtii imaltoota idil-addunyaa Interpooliin hojjetame kun, shororkeessummaa fi yakkoota daangaa ce'anii raawwatanii kan dhokatan yakkamtoota seera hordofuun biyyoota miseensaatiif dabarsanii kennuuf kan dandeessisudha. Ajajaan Waliigalaa Poolisii Federaalaa Itoophiyaa Komishinar Jeneraal Damallaash Gabramikaa’el ENA'f akka ibsanitti; yakkoonni idil-addunyaa teeknoolojiidhaan deeggaruun hordofuun seeratti dhiheesuun murteessaa ta’uu ibsaniiru. Yakkoota idil-addunyaa xaxamaa ta'an kana to'achuufi yakkamtoota to'annoo jala oolchuuf dandeettii teeknoolojii yericha waliin deemu ijaaruun barbaachisaadha jedhaniiru. Teeknoolojiin kun qaamolee shororkeessummaadhaan yookaan yakka daangaa ce'u birootiin barbaadaman biyya kamiyyuu keessatti salphaatti to'achuuf ni dandeessisa jedhaniiru. Poolisiin Federaalaa Itoophiyaa yakkamtoota bakka jiranitti qabuuf Imigireeshiinii fi Daandii Qilleensaa waliin qindoomina deemu irratti hojjechaa akka jiru ibsaniiru. Teeknoolojiin kun yakkaamaan bakka kamittuu dhokachuu akka hin dandeenye kan taasisu ta'uu ibsuun; hojiirra oolchuuf adeemsa irra jira jedhaniiru.
Ispoortii
Tapha Eegamaa Har’aa Liivarpuulii fi Arsenaal waliin Taphatan
Nov 1, 2026 817
Onkololessa 22/2019 (ENA): Piriimarliigii Ingiliz torbee 9ffaa taphni Liivarpuulii fi Arsenaal har'a gaggeeffamu hawwii guddaan eegama. Taphi kilaboota lamaan gidduutti taphatamu galgala sa'aatii 1:30 irratti Istaadiyeemii Anfildi Rood keessatti gaggeeffama. Liivarpuul bara kana taphoota saddeet taphate keessaa 4 injifachuun tapha tokko mo'amuun, tapha sadii qixa bahuun isaa ni yaadatama. Arsenaal taphoota taphateen goolii 11 galchuun, goolii 8 isaanitti kan gale yoo ta’u, qabxii 15’n sadarkaa 5ffaa irra jira. Shaampiyoonaa yeroo sanaan Arsenaal taphoota 8 liigichaan taphate keessaa 7 moo'achuun al tokko mo'amuun isaa ni yaadatama. Taphoota kanaan goolii 13 kan lakkoofsise yoo ta’u, shan immoo isatti lakkaa’ameera. Arsenaal qabxii 21’n sadarkaa 2ffaa irra jira. Arsenaalii fi Liivarpuul dorgommii hanga ammaatti taasifameen yeroo 246 waliin taphataniiru. Liivarpuul yeroo 96 injifachuun olaantummaa isaa kan mirkaneeffate yoo ta’u , Arsenaal ammoo yeroo 83 injifateera. #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa #Mootummaa Ida’amuu
Haarii Keen - Injifataa Baaloondoor (Ballon d'Or) 2026 ta’e
Oct 27, 2026 1096
Onkololessa 17/2019(ENA): Taphataan sarara fuulduraa Kilaba Baayerni Muunik Haarii Keen injifataa Baaloondoor (Ballon d'Or) kan bara 2026 ta’eera. Keen badhaasa kana mo'achuudhaan taphataa lammii Ingilaandi waggaa 25 booda kabaja kana argatedha. Lammii Ingilaandi ta'ee yeroo dhihootti badhaasa kana kan injifate, Maayikil Oowen bara 2001 keessa ture. #Mootummaa Ida’amuu #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa Miseensa Maatii Miidiyaa Dijiitaalaa ENA ta’aa https://www.ena.et/web/links
Gareen biyyaalessaa Itiyoophiyaa wagga 17 gadii Waancaa Afriikaaf sadaffaa ta’ee darbuuf Ruwaandaa waliin ni taphata
Oct 19, 2026 1741
Onkoloolessa 9/2018 (ENA)- Gareen biyyaalessaa Itiyoophiyaa wagga 17 gadii gulaallii Seekaafaa Waancaa Afriikaa gitasaa Ruwaandaa waliin tapha sadarkaa har’a ni gaggeessa. sadaffaa ta’ee darbuuf Ruwaandaa waliin ni taphata Taphni garee lamaanii har’a guyyaa keessaa sa’aatii 7tti Ruwaandaa Kiigaalii Istaadiyoomii Peeleetti ni gaggeeffama. Gareen kun Ruwaandaa waliin gaggeessu yoo mo’ate Waancaa Afriikaaf darbuusaa ni mirkaneeffata. Fulbaana 30 bara 2019 irraa eegalee qopheessummaa Morookoon gaggeeffama kan ture gulaalliin Seekaafaa Waancaa Afriigaa wagga 17 gadii har’a xumurama. Biyyoonni dorgommii Kanaan tokkoffaa amma sadaffaa bahan zoonii Seekaafaa bakka bu’uudhaan Waancaa Afriikaa wagga 17ffaa wagga 17 gadii A.L.A 2027 Morookoon qopheessiturratti akka hirmaatan odeeffannoon federeeshiniinn kubbaa miilaa Afriikaa(Kaaf) ni mul’isa. Moorookoo dabalatee biyyoonni 16 dorgommii kanarratti ni hirmaatu. See less
Atileet Taammiraat Tolaa Maaratooni Beejingi qabxii olaanaa galmeessuun ta’een injifate
Oct 18, 2026 1477
Onkoololeessa 8/2019 (ENA) Atileet Taammiraat Tolaa dorgommii Maaratoonii Beejingi rikkoordii haaraa fooyyessuun injifateera. Ramaddii dubartootaatiin dorgommii gaggeeffameen immoo atileet Anchiin aaluu Dassee injifachuu dandeesseetti. Atleetoonni Itoophiyaa dorgommii maaraatoonii Beejingi kan bara 2026 kanaan, atileet Taammiraat Tolaa qabxii haaraa galmeessisuun injifannoon xumureera. Atileet Taammiraat Tolaa dorgommii kana sa’aa 2 fi daqiiqaa 03 fi sekondii 10n xumuruun, qabxii dorgommii duraanii daqiiqaa afuriin fooyyessuun dandeettii ajaa’ibsiisaa agarsiiseera.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Bu'uuraaleen misoomaa haaraan sirna geejjibaa magaalittii ammayyeessaniiru
Nov 7, 2026 137
Onkoloolessa 28/2019 (ENA)--Bu'uuraalee misoomaa ammayyaa adda addaa magaalaa guddittiitti ijaarame sirna geejjibaa magaalaa ammayyeessuu isaanii Biiroon Geejjibaa Magaalaa Finfinnee ibse. Mootummaan ida’amuu misooma magaalaatiif xiyyeeffannoo kennuun hojiileen misoomaa faayidaa hedduu qaban raawwatamaniiru. Keessattuu misooma koridarii fi qarqara lagaa miidhagina magaalotaa kanaan duraa jijjiiruun lammiileef jireenya mijataa, qulqulluu uumuun danda'meera. Jijjiirrama gaarii kanaaf fakkeenya guddaan magaalaa Finfinnee yoo taatu, kanaan dura lafoo deemtootaa fi hanqina paarkingii irraa kan ka'e balaan tiraafikaa mudachaa ture sadarkaa olaanaatti hambisuun danda'ameera. Itti-aanaan hogganaa Biiroo Geejjibaa Magaalaa Finfinnee Obbo Daanyaachoo Shifarawu ENA’f akka ibsanitti, hojiileen misoomaa saffisaa fi dinqisiisoo ta’an magaalaa guddittii keessatti raawwataman magaalaan kun mijattuu fi nageenyi ishee mirkanaa'e filatamtuu ishee taasiseera jedhaniiru. Keessattuu misooma koridaraa daandiiwwan lafoo deemtootaa bal'aan ijaaramuun Miilaan shaakala deemuu gabbisuun jireenya haaraa fideera. Kunis fayyaaf, baasii akkasumas qilleensi akka hin faalamneef gumaacha ol'aanaa taasisaa jira. Kanaan dura magaalaattiitti kan hin baratamne kanneen akka saayikilii tajaajilli geejjibaa mootor-maleeyyiin amma bal'inaan eegaluu isaanii eeraniiru. Filannoowwan haaraan kun rakkina geejjibaa jiraattotaa hambisuu irra darbee geejjibaa magariisaa ijaaruuf faayidaa guddaa akka qaban dubbataniiru. Walumaagalatti hojiileen misoomaa raawwataman filannoowwan geejjibaa magaalaatiif bal'isuun jireenya guyyaa guyyaa jiraattotaa salphaa taasisaa jira jedhaniiru. Magaalattitti kanaan dura paarkingii lama kan hin caalle turuusaa yaadachiisanii, amma garuu yeroo tokkotti konkolaattota kuma kudhaniin lakkaa'aman keessummeessuu kan danda'an paarkingiiwwan hedduu ijaaramuu isaanii ibsaniiru. Bu'uuraaleen misoomaa haaraan kun sirna geejjibaa magaalaatti ammayyaa’aa fi qabatamaa gochuu irratti jijjiirrama guddaa fidaa jiraachuu Obbo Daanyachoon dubbataniiru.
Babal'achuun buufataalee chaarjii konkolaattota elektirikii sochii misooma turizimii fi misooma margaatiin magaalaa Bishooftuu ni gargaara
Oct 31, 2026 904
Onkoloolessa 21/2019 (ENA): Babal'achuun buufataalee chaarjii konkolaattota elektirikii magaalaa Bishooftuutti sochii turizimiifi misooma margaa fooyyessuuf ni gargaara jechuun Kantiibaan Magaalaa Bishooftuu Obbo Alamaayyoo Asaffaa ibsan. Tajaajilli Elektiriikii Itoophiyaa buufataalee chaarjii elektirikii Bishooftuu, Moojoo, Adaamaa, Baatuu fi Hawaasaa akkasumas bakkeewwan shan Finfinneetti ijaarsise eebbisiisaa jira. Kantiibaan Magaalaa Bishooftuu Obbo Alamayyoo Asaffaa sirna eebba buufataalee chaarjii elektriikii Bishooftuutti ijaaramaanii irratti haasaa taasisaniin akka ibsanitti; Bishooftuun Finfinnee irraa kiilomeetira 47 fagaattee kan argamtu, qabeenya uumamaa fi haroowwan isheetiin kan beekamtu wiirtuu turizimii fi diinagdeeti jedhaniiru. Buufataaleen magaalattiitti ijaaramaan kun konkolaattota elektirikii salphaatti chaarjii gochuuf kan dandeessisan ta'uu yaadachiisuun, imaltoonni sababoota adda addaatiin gara Bishooftuu dhufan magaalattii keessa akka turan ni gargaara jedhaniiru. Konkolaattota elektiriikii fayyadamuun fedhii boba'aa xiqqeessuuf, faalama qilleensaa hir'isuufi misooma margiisaa cimsuuf filannoo barbaachisaa ta'uu dubbataniiru. Fuulduraafis Bishooftuu fi naannoo isheetti buufataaleen chaarjii elektriikii dabalataa yeroo ijaaraman, bakka pirojektoota kanaatiif barbaachisu qopheessuu irraa eegalee hanga hojii jalqabsiisuutti bulchiinsi magaalichaa deeggarsa irraa eegamu hunda akka taasisu mirkaneessaniiru. hojii raawwachiisaa Olaanaa Tajaajila Elektriikii Itoophiyaa Injiinar Geetuu Garramaawu gamasaaniin; magaalota gurguddoo ja'a keessatti buufataaleen chaarjii saffisaa konkolaattota elektriikii ammayyaa 11 ijaaraman yeroo tokkotti konkolaattota 96 chaarjii gochuu kan danda'an ta'uu ibsaniiru. Dhaabbichi yeroo tokkotti hanga konkolaattota 150 chaarjii elektiriikii taasisuu kan dandeessisu uumuu isaas eeraniiru. Babal'achuun buufataalee chaarjii konkolaattota elektriikii fayyadama anniisaa qulqulluu jajjabeessuu bira darbee, faalama qilleensaa fi boba'aa irratti hirkattummaa jiru hir'isuuf akka gargaaru ibsaniiru. Fuulduraafis Maqalee, Baahir Daar, Gondar, Jigjigaa, Dirredawaa, Jimmaa, Arbaa Minchii fi magaalota biroo keessatti buufataalee chaarjii elektriikii dabalataa babal'isuuf karoorri qabamuu isaa beeksisaniiru. #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa
Marsareetiin Itoophiyaa beeksisu ifoome
Oct 28, 2026 903
Addunyaan Itoophiyaa maqaa qofaan ishee beeka malee haala gaariin seenaa fi qabeenya ishee sirriitti hin hubanne. Kunis karaalee ittiin Itoophiyaan beeksifamtu dhibuu isaati. Har'a garuu Marsareetiin Itoophiyaa fi qabeenya ishee addunyaatti sirriitti beeksisu ifatti eegaleera. Itoophiyaan, lafa argama buna buna bosonaa addunyaaf gumaachitedha. Maal kana qofaree Itoophiyaan bakka madda dhala namaatis. Maddi dhala namaa kuni immoo yeroo ammaa kana qilleensa qulqulluu ashaaraa magariisaa isaan dhaabeen aara galfachaa jira. Itoophiyaan laggeen ishee, qilleensaa fi humna aduu gara anniisaatti jijjiirtee of bira darbitee ollaa isheef ifa taateetti. Magaalonni Itoophiyaa miidhaganii abaaboo Afrikaa ta’anii mul’achaa jiru. Itoophiyaan fakkeenya gootummaa, Boonsituu Afriikaanotaa, sagalee tokkummaa Paan Afriikaa taateetti. Itoophiyaan qaroomina ishee durii har’as siidaan, barreeffama mataa isheen, weedduu fi sirbootaan fi pirojektii isheetiin dhalootaaf kaa’aa jirti. Atileetonni ishee miira injifannootiin bakka deeman maratti kan injifatan, Itoophiyaa fi faajjii ishee addunyaaf beeksisaniiru. Imala seena qabeessa gara ‘COP32’tti, marsariitiin kun waltajjii birmadummaa, qabeenyaa fi abdii Itoophiyaa, seenaa keenya irraa kaasee hanga raawwii keenya ammaatti, qaroomina keenya irraa eegalee hanga mul’ata egeree keenyaatti addunyaaf itti dhiheessinudha. Hambaa ishee durii beekaa; Seenaa Itoophiyaa dhugaa ba'aa! #Mootummaa Ida’amuu #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa Miseensa Maatii Miidiyaa Dijiitaalaa ENA ta’aa https://www.ena.et/web/links
Itiyoophiyaa fi Denmaark jijjiirama haala qilleensaarratti tumsasaanii akka cimsan ibsan
Oct 14, 2026 2406
Onkoloolessa 4/2019 (ENA)- Itiyoophiyaa fi Denmaark jijjiirama haala qilleensaarratti tumsasaanii caalaatti cimsuuf walii galtee mallatteessaniiru. Ministirri maallaqaa Dr. Fitsum Asaffaa fi Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Deenmaark Sunee Kiroogsitirup walii galticha mallatteessaniiru. Akkaataa walii galtee kanaatti Itiyoophiyaan jijjiirama haala qilleensaa ilaalchisee ajandaa duraa fi kallattii xiyyeeffannoo sadarkaa idil addunyaatti beeksisuu fi agarsiisuuf gootuuf Deenmaark deeggarsa maallaqaa akka taasiftu himameera. Walii galteen haaraan kun hirmaannaa Itiyoophiyaan Kanaan dura taateewwan jijjiirama haala qilleensaarratti taasisaa turterratti hundaa’uun kan raawwatame yoo ta’u michoomaa fi tumsa egeree biyyoota lamaanii caalaatti akka cimsu ibsameera.
Gabaasa addaa
Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti - Itti aanaa Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa
Jun 9, 2026 24375
Waxabajji 2 /2018 (ENA): Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti jedhani itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan muummee ministiraa Pirojektoota misoomaa adda addaa magaalaa Woldiyaatti ijaaraman eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Yeroo eebba kanaatti pirojektoonni misoomaa eebbifaman imala biyyattiin gara fuulduraatti taasiftu kan agarsiisan yoo ta’u, guddinni Itiyoophiyaa eenyullee dhaabuu akka hin dandeenye kuni ragaadha jedhan. Itti aanaan ministira muummee kun ummanni magaalaa Woldiyaa finxaaleyyii fi qoqqoodinsa mormuudhaan kan beekamu ta’uu ibsuun, filannoon isaanii irra deddeebiin nagaa fi mootummaa cimaa ta’uu isaa kan argisiisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan baandota irratti qabsaa’aa jira jedhani. Waggoota 50 fi 60 darbaniif warri yaada dulloomaatiin qabaman guddina ariifataa biyyattii hubachuu akka hin dandeenyes ibsaniiru. Warri bosona keessa jiran jijjiirama guddaa biyyatti dhufe kan akka misooma koridarii, maaddii guutuu, pirojektoota misoomaa fi oomisha qamadii arguu akka hin dandeenye dubbataniiru. Misoomni koridarii magaalota keessatti gaggeeffamaa jiru dhimma bareedinaa qofa osoo hin taane magaalota ammayyeessuun sadarkaa jireenyaa ummataa ol kaasuuf kaayyoo ta’uu ibsaniiru. Magaalonni Itiyoophiyaa magaalota Baha Afriikaa fi addunyaa waliin dorgomuu akka qaban ibsaniiru; akkasumas tajaajila ammayyeessuuf tajaajilli giddugala tokkoo guutuu biyyattiitti babal’achaa akka jiru hubachiisaniiru. Manneen kitaabaa ummataa, manneen kitaabaa dijitaalaa fi kaffeewwan saayinsii magaalaa Woldiyaatti ijaaraman odeeffannoo guyyaa guyyaa irraa gara beekumsaa fi qorannoo gadi fagootti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan, abbootii qabeenyaa fi ummanni pirojektoota misoomaa eegalaman gara baadiyyaatti babal’isuun badhaadhina biyyattii dhugoomsuuf waliin hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 20352
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.