ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Godina Gujiitti jallisii Qamadii Bonee kilaastaraan lafti heektaarri kuma 117 misoomaa jira
Nov 17, 2025 7
Sadaasa 08/2018(TOI)- Godina Gujiitti jallisii Qamadii Bonee kilaastaraan lafti heektaarri kuma 117 misoomaa jira aachuu waajjirri qonnaa godinichaa hime. Misoomni jallisii Bonaa tooftaalee qonnaa adda addaa fayyadamuun oomisha fooyya’aa argachuuf tattaaffiin taasifamaa jira jedhan itti gaafatamaan waajjira qonnaa godinichaa obbo Dastaa Gabrayasuus. Qonnaan bultoonni misooma jallisii bonee irratti hirmaatan ogeeyyii qonnaa irraa deeggarsii fi to’annoon tasifamaafii jiraachuu eeruun, galteen dhihaachuu fi qophiin lafa qonnaas taasifamuu eeraniiru obbo Dastaan. Qonnaan bultoonni godichaas misooma qamadii jallisi bonee tiraaktaraan tooraan facaasaa jiraachuu himaniiru. Lafa heektaara kuma 117 misoomaa jiru irraas omisha kuntaala miliyoona 4 argachuuf kan karoorfame ta’uu ibsaniiru. Hanga ammaatti lafti heektaarri kuma 72 fi 220 ol qamadiin bonee jallisiin facaafamuun ibsameera. Misooma jallisii bonee kanaaf Xaa’oon biyyee fi sanyii qamadii filatamaa kuntaala kuma 60 ol qonnaan bultootaaf raabsamuu isaa ibsuun, qonnaan bultootaa fi horsiisee bultoota kuma 213 ol hojii misoomaa jallisii bonee kanaarratti hirmaachuu isaanii hubachiisaniiru. Aanaalee godinichaa hunda keessatti lafti misooma jallisiif qophaa’e kan baranaa kan bara darberraa heektaara kuma 17 fi 368 caalmaa akka qabu ibsaniiru. Kanaafis bishaan lafa jalaa baasuun paampii mootoraatiin kan deeggaramuu fi hojjettoota buufata misoomaatiin hordoffiin taasifamaa akka jiru obbo Dastaan ibsaniiru. Godina Gujiitti qonnaan bultoota misooma qamadii jallisii bonaa irratti hirmaatan keessaa, jiraataa aanaa Adoolaa magaalaa Qilxuu ganda Sorsaa kan ta’e dargaggeessi Taaddasaa Raggaasaa waggoota lamaan darban walitti aansuun misooma jallisii bonaan fayyadama ta’uusaa eeruun, nyaata qofaaf osoo hin taane gabaaf dhiyeessaa turuu ibseera. Baranas ogeessota misooma qonnaa irraa deeggarsa argachuun bu’aa olaanaa galmeessisuuf qophiisaa xumuree hojiitti seenuu himeera. Dargaggeessi jiraataa aanaafi ganda kanaa Misgaanaa Kaasaayee gama isaatiin, misooma jallisii irratti muuxannoo fi ogummaa waggaa sadii akka qabu dubbateera. Galteewwan isaaniif dhiyaateenis qamadii jallisii bonee sararaan facaasuun wabii nyaataa keenya mirkaneeffanna jedhaniiru qonnaan bultoonni TOIf yaada isaanii kennan.
Galmeen kadhimamtoota paartiilee siyaasaa filannoo waliigalaa marsaa 7ffaa irratti dorgomanii har’aa eegalee ni gaggeeffama
Nov 17, 2025 5
Sadaasa 8/2018(TOI)-Galmeen kadhimamtoota paartiilee siyaasaa filannoo waliigalaa marsaa 7ffaa irratti dorgomanii har’aa eegalee akka gaggeeffamu boordiin filannoo Biyyoolessaa Itiyoophiyaa beeksise. Galmeen kaadhimaamtoota dhuunfaa yeroo itti eegalu fuulduratti akka ifoomu eerameera. Boordiin filannoo paartioilee siyaasaa filannoo walii galaaf dorgomaniif waamicha taasiseen kaadhimamtootasaanii siistama boordichi ibseen fayyadamuun akka galmeessisan waamicha dhiheessaniiru. Odeeffannoo barbaachisoo Galmicha raawwachuuf dandeessisan guutuun yeroo Sadaasa 8 hanga 23 bara 2018tti jiru gidduutti Waajjira Muummee Boordichaa fi ammaan dura paartichi bakka bu’aa/buutuu beeksisetii qaamaan dhihaachuun sanada akka dhiheessan hubachiiseera. Paartiileen siyaasaa unkawwan toora marsariitii https://nebe.org.et/en/node/725 argachuu akka danda’an eeraniiru. Paartiileen siyaasaa filannoo biyyoolessaa 6ffaarratti dorgoman mallattoowwan dorgommiif fayyadaman filannoo walii galaa 7ffaaf fayyadamuuf mirga dursaa akka qaban boordichi ibseera. Paartiileen siyaasaa ulaagaa seerasaa hordofee mallattoo dorgommii mataasaanii dhiheessuu akka dandaa’anii fi filannoo biroon boordichatti qaamaan dhihaachuun mallattoo dorgommii boordichi tarreesse dhiheessu keessaa filachuu akka danda’an hubachiisaniiru. Galmeen kaadhimamtoota dhunfaa appilikeeshinii boordichi dhihesseen akka raawwatuu fi yeroo eegalu ilaalchisuun boordichi gara fuuldutraatti akka ifoomsu beeksiseera.
Xaaliyaaniin Hirmaannaa Invastimantii Itiyoophiyaatti qabdu guddisuuf hojjechaa jirti
Nov 17, 2025 7
Sadaasa 8/2018(TOI)–Xaaliyaaniin misooma Manneenii dabalatee hirmaannaa Invastimantii Itiyoophiyaatti qabdu guddisuuf hojjechaa jiraachuu Itiyoophiyaatti Komishinarri Daldalaa Imbaasii Xaaliyaanii Kilaawudiyoo Paskuwaluchi Ibsan. Komishinar Kilaawudiyoo Paskuwaluchi Xaaliyaanii fi Itiyoophiyaan hariiroo gam-lamee cimaa qabaatanis, tumsi daldalasaanii haala barbaadamuun akka hin guddanne TOI’f ibsaniiru. Xaaliyaaniin omishawwan gara Itiyoophiyaatti ergitu akkasumas Bunaa fi Albuuda dabalatee omishoota tarsiimo’aa Itiphiyaarraa galachitu guddisuuf karoora qabachuushee hubachiisaniiru. Biyyoonni lameen hariiroo daldalaa qaban dagaagsuuf hojii hojjetamaa jiruun daandii sirriirratti argamu jedhaniiru. Itiyoophiyaan Xaaliyaanitti karoora Invastimantii guddaa biyyota dursa kan kennameefii keessaa tokko ta’uushee ibsaniiru komishineerichi. Xaaliyaan Misooma paarkiiwwan Industirii fi kaampaanota Xaaliyaanii, dhuunfaasaanii fi carraawwan shaarikaan hojjechuu danda’an uumuuf hojjetamaa jiraachuu hubachiisaniiru. Ijaarsa Manaa Hawaasarratti xiyyeeffate dabalatee inisheetivoota biroorratti marii taassisuusaanii ibsuun, shaarikni Invastimantiin hojjechuuf karoora jiru kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru. Hariiroon daldalaa biyyoota lamaanii guddisuuf carraawwan dandeessisan fuuldura keenya jiru kan jedhan komishineerichi, dandeettii gara bu’aa argamutti jijjiiruuf xiyyeeffannoon hojjechuun akka barbaachisu hubachiisaniiru.
Vaayirasii Maarbargi To’achuuf Qindoominaan Hojjetamaa Jira
Nov 17, 2025 8
Sadaasa 03 2018(TOI)-Vaayirasii Maarbargi Naannoo Kibba Itiyoophiyaatti mudate to’achuuf qindoominaan hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Fayyaa ibse. Ministirri Fayyaa Doktar Maqdas Dhaabaa haala yeroo dhimma fayyaarratti ibsa miidiyaaleef kennaniiru. Kanuma waliin walqabatee Sadaasa 03/2018 irraa jalqabee Naannoo Kibba Itiyoophiyaa magaalaa Jiinkaatti vaayirasiin Maarbargi mudachuu isaa dubbataniiru. Hanga ammaatti saamuudni namoota 17 fudhatamee laabooraatoriin qoratamee namoota 3 irratti vaayirachi kan argame ta’uu eeruun, namoonni vaayirasichi irratti argames lubbuun darbuu ibsaniiru. Namoota warreen vaayirasichi irratti argame waliin hariiroo qabu jedhamanis adda baafamanii hordoffiintaasifamaafii jiraachuu eeraniiru. Vaayirasicha to’achuufis qindoominaan hojjetamaa jiraachuu kaasuun ogeessonni vaayirasicha to’atanis gara bakkichaatti ergamuu dubbataniiru. Itiyoophiyaan yeroo ammaa kanatti dandeettii vayirasicha qorachuu qabaachuu himuun, vaayirasichas to’achuuf hojiin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu himaniru dooktar Maqdas Dhaabaan. Kanaafis buufataaleen fayyaa adda baafamanii bakka tursiisaa fi iddootti namoota vayirasichaan qabaman yaalaman qophaa’uu himaniiru. Yeroo ammaattis hojiin meeshaalee buufataalee fayyaa guutuu kan eegalame ta’uu eeranii, hojiin hubannoo uumuus hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Vaayirasichi namoota dhibee kanaan qabaman waliin wal tuttuqaa fi karaalee birootiin daddarbuu waan danda’uuf uummanni of eeggannoo cimsuu qabaa dhaamaniiru. Hawaasni dhibee kana ofirraa ittisuuf harka ofii saamunaan qulqulleessuu fi qulqullina dhuunfaa cimsee eeggachuu akka qabus dubbataniiru dooktar Maqdas Dhaabaan. Wayita kanatti namni adda baafamee iddoo adda bahinsaatti yaalamaa jiru akka hin jirre kan ibsan ministirri kun, vayirasii kana t’achuuf laaboraatooriin socho'aa gara naannoo Jinkaatti ergamuus himaniiru.
Riifoormichi magaalonni maddeen teekinooloojii ta’uusaanii qabatamaan kan itti mul’atedha
Nov 17, 2025 8
Sadaasa 08/2018(TOI)-Agarsiisni Fooramii Magaalota 10ffaan mootummaa ida’amuu keessatti gaggeeffame magaalonni madda beekumsa teeknooloojii ta’uu qabatamaan kan agarsiise ta’uu Ministirri Magaalaa fi Bu’uura misoomaa aadde Caaltuu Saanii ibsaniiru. Fooramiin Magaalota Itiyoophiyaa 10ffaan Naannoo Affaar magaalaa Samaraa Loogiyaatti mata duree "Guddinni Magaalotaa Olaantummaa Itiyoophiyaaf" jedhuun gaggeeffamaa jira. Hogganaan Giddugala sadarkaa itti aanaa ministira muummeetti Qindeessaan qindeessa Ijaarsa sirna Dimokiraasii fi itti aanaa pirezidaantii Paartii Badhaadhinaa Adam Faraah agarsiisa Fooramii Magaalota Itiyoophiyaa 10ffaa eegalchiisuun isaanii ni yaadatama. Ministirri Magaalaa fi Bu'uura misoomaa Caaltuu Saanii agarsiisa qophaa'e daawwataniiru. Dawwannaa isaaniin walqabatee turtii Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa waliin taasisaniin akka himanitti, fooramichi guddina magaalotaaf shoora olaanaa qaba. Hawaasni magaalota adda addaa keessa jiraatus bakkatti muuxannoo wal jijjiiran ta’uu eeraniiru. Agarsiifni kuni bakkatti magaalonni walbaraniin dabalatatti, hojiileen kalaqaa bakkatti muuxannoon waljijjiiramu ta’uu eeraniiru. Mootummaa ida’amuu keessa magaalaaleen bakka beekumsi teeknooloojii itti maddu ta’uun qabatamaan kan itti mul’ate ta’uu beeksisaniiru.
Siyaasa

Gara qe’ee keenyaatti akka deebinuuf Mootummaan Federaalaa irra deddeebiin yaalii taasisuus Addi Bilisa Baasaa Uummata Tigray duraanii gufuu nutti ta’eera
Nov 17, 2025 21
Sadaasa 08/2018(TOI)-Gara qe’ee keenyaatti akka deebinuuf Mootummaan Federaalaa irra deddeebiin yaalii taasisuus Addi Bilisa Baasaa Uummata Tigray duraanii gufuu nutti ta’eera jechuun jiraattonni Shiree Indasillaasee qe’ee isaaniirraa buqqaafaman dubbatan. Dhimma kana irratti kanaan dura ibsa kan kennan pirezdaantiin yeroo mootummaa naannoo Tigraay duraanii obbo Geetaachoo Raddaa, qaamoleen buqqaatonni gara qe’ee isaaniitti akka hin deebineef haala jirutti fayyadamuuf hojjetan naannicha keessa akka jiran ibsuun isaanii ni yaadatama. Galaachaan Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa Shiree Indasillasee buqqaatota waliin turtii taasiseen, Buqqaatonni gara qe’ee isaaniitti akka hin deebineef danqaa guddaa kan itti ta’an hoggantoota ABUT duraanii ta’uu ibsaniiru. Mootummaan Federaalaa akka qe’ee keenyatti deebinuuf irra deddeebiin yaalii taasisus akka hin milkoofneef hoggantoonni ABUT duraanii waan kuni akka hin milkoofne gochaa jiruu jedhan buqqaatonni yaada isaanii TOIf kennan. Sababa kanaanis waggoottaniif rakkoo adda addaaf saaxilamneerra jedhan. Waggoottan 5 dura, ijoolle isaanii 5 waliin Walqaayit irraa buqqaafamanii yeroo ammaa Shiree Indaasillaasee magaalaa Adii Kantiibaay mana barumsaa keessa buufatanii kan jiran obbo Anbassaa Barihee gara qe’ee keenyaatti deebina jennee waggootaaf abdii godhannee eegnus furmaata dhabne jechuun dubbataniiru. Dhimma kanarratti mootummaan Federaalaa ejjannoo cimaa qabatee hojjechaa jiraachuu beeknus garuu hoggantoonni ABUT duraanii akka nuti qe’ee keenyatti hin deebine gufuu nutti ta’aniiru jedhan. Haa ta’u malee nuti ammas abdii osoo hin kutiin eeggachaa jirra waan ta’eef mootummaan Fedraalaa gara qe’ee keenyaatti akka deebinuuf deeggarsa akka nuuf taasisu gaafanna jedhaniiru. Buqqaatota biroo yaada isaanii TOIf kennan keessaa aadde Li’iltii fi Obbo Habtoom Gabra Sillaaseen waggaa shaniif qe’ee ofiirraa buqqa’anii buufata tokko keessa jiraachuun hagam ulfaataa ta’uusaa eeruun, kanaan booda gara qe’ee isaaniitti akka deebi’aniif deeggarsi barbaachisu akka taasifamuuf gaafataniiru. Muummeen Ministiraa Doktar Abiy Ahimad ibsa mana maree bakka bu'oota ummataaf kennan keessatti irra deddeebiin ummanni naannoo Tigraay nagaa fi misooma akka barbaadu eeruun, buqqaatonnis gara qe’ee isaaniitti deebi'uu akka qaban dubbachuun isaanii kan yaadatamudha.
Shoora Itiyoophiyaan nageenyaa fi misooma riijinicharratti qabdu Awustiraaliyaan ni deeggarti- Ambaasaaddar Piiter Hanter
Nov 16, 2025 113
Sadaasa 7/2018(TOI)- Shoora guddaa Itiyoophiyaan nageenyaa fi misooma riijinicharratti bahaa jirtu Awustiraaliyaan akka deeggartu Dr. ambaasaaddar Piiter Hanter ibsan. Awustiraaliyaan dameelee haaraan Itiyoophiyaa waliin tumsa taasisuuf fedhii qabdi jedhaniiru. Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Awustiraaliyaa Dr. Piiter Hanter Gaanfi Afriikaa riijinii qormaanni wal xaxaan keessatti mul’atudha. Haala Kanaan Itiyoophiyaan gumaacha guddaan Itiyoophiyaan nageenyaa fi misooma riijinichaatti taasisaa jirtu akka deeggartu dubbataniiru. Tumsi gam lame Awustiraaliyaa fi Itiyoophiyaa bal’achaa akka jiru ambaasaaddar Hanter dubbataniiru. Walitti hidhamiinsa ummattoota biyyoota lamaanii, daldalaa, Invastimmantii fi barnoota akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Awustiraaliyaan mootummaa fi ummata Itiyoophiyaa waliin hariiroo gam lamee cimsuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Riifoormii dinagdee Itiyoophiyaan hojiirra oolchaa jirtu ambaasaaddarichi jajanii riifoormichi ofitti amanamummaa dureeyyii dabaluusaa fi carraalee haaraa uumuusaa ibsaniiru. Awustiraaliyaan tumsa damee turizimii, albuudaa fi qonnaan Itiyoophiyaa waliin qabdu cimsuuf fedhii akka qabdu ibsaniiru. Jijjiiramuu Finfinnee akka dinqisiifatan kan dubbatan ambaasaaddarichi, kun ammo mallattoo guddina Itiyoophiyaati jedhaniiru. Dimmoota idil addunyaan wal qabatees Awustiraaliyaan waltajjiin hariiroo heddumminaa fooyyessi akka irratti taasifamu deeggarsa barbaachisaa akka taasiftuu fi Afriikaan shoorri addunyaa irratti murtee kennuu dandeessu guddachuu akka qabu dubbataniiru. Awustiraaliyaan nageenyaa fi misooma dabalatee tumsa Afriikaa waliin qabdu cimsuuf akka barbaaddu dabalanii dubbataniiru.
Raayyaan keenya garee shororkeessaa hojii baandaa raawwaturratti tarkaanfii fudhachuun nagaa cimsaa jira-Letenaal Jeneraal Mahaammad Tasammaa
Nov 15, 2025 173
Sadaasa 6/2018(TOI)- Raayyaan keenya garee shororkeessaa hojii baandaa raawwachaa jiru hordofuun tarkaanfii fudhachuun nageenya fulla’aa cimsaa jiraachuu ajajaan olaanaa ajaja bahaa Letenaal Jeneraal Mahaammad Tasammaa ibsan. Letenaal Jeneraal Mahaammad Tasammaa, raawwii koorii goojjam kaabaa fi buchiinsa sab-lammii Awwiii dirqamarra jiruu daawwataniiru. Daawwannaan booda hooggantoota godinaa fi aanaa akkasumas hooggantoota biroo waliin mari’achuun achumaanis xumura leenjii kutaa waraanaa aanaa Achafar kaabaa magaalaa Liibanitti argamuun qajeelfama hojii fi bobbii taasisaniiru. Letenaal jeneraalli kun wayita kana dubbii dubbataniin, raayyaan ittisaa garee finxaalessaa ergamtoota diina Itiyoophiyaa ta’uun baandummaan hiriire hordofuun tarkaanfii fudhachuun nageenya fulla’aa cimsaa jira jedhaniiru. Garee finxaalessaa bakkeewwan garagaraatti asii fi achi lowuun nama ukkaamsuun yakka saamichaa raawwatu raayyaan ummata waliin ta’uun hordofuun tarkaanfiin fudhatamaa akka jiru kaasanii, cimee akka itti fufus mirkaneessaniiru. Hooggansi, ummannii fihumni nageenyaa tumsaa hojii seera kabachiisuuf hojjetamaa jiru cimsanii akka itti fufan hubachiisaniiru. Itiyoophiyaa bakka hundatti nageenya cimsuu fi pirojektoota misoomaa eegalaman milkeessuun guddinaa fi badhaadhina Itiyoophiyaa mirkaneessuun imaanaa fi itti gaafatama hunda keenyaa ta’uu qaba jedhaniiru. Raayyaan ittisa biyyaa fakkeenya nageenyaa fi gootummaa ta’e kabajaa fi birmadummaa Itiyoophiyaaf yoomiyyuu caalaa qophii olaanaadhaan kan argamu ta’uu Letenaal Jeneraal Mahaammad Tasammaa mirkaneessaniiru.
Gaaffiin mirga abbummaa ulaa galaanaa Itiyoophiyaa dhimma dantaa biyyaalessaa fi dhimma jiraachuu sabaa waan ta’eef milkaa’ina isaaf gahee mataa keenyaa ni baahanna- Hoggantoota paartilee siyaasaa
Nov 15, 2025 141
Sadaasa 06/2018(TOI)-Gaaffiin mirga abbummaa ulaa galaanaa Itiyoophiyaa dhimma dantaa biyyaalessaa fi dhimma jiraachuu sabaa waan ta’eef milkaa’ina isaaf gahee mataa keenyaa ni bahanna jedhan hoggantoonni paartilee morkattoota siyaasaa. Dhimmi mirga abbummaa gaaffii Galaana Diimaa dhimma seeraa, seenaqabeessaa, teessuma lafaa fi diinagdee ta'uu Ministirri Muummee Doktar Abiy Ahmad ibsuun isaanii ni yaadatama. Hoggantoonni paartilee siyaasaa morkattoota adda addaa dhimma kana irratti turtii Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa waliin taasisaniin dhimmi mirga abbummaa ulaa galaanaa dhimma dantaa biyyaalessaa fi ajandaa waloo ummata Itiyoophiyaa ta’uu ibsaniiru. Adeemsa kana keessatti ejjannoo cimaa mootummaan qabu kan ajaa’isifatanii fi galateeffatan ta’uu hoggantoonni kunneen ibsuun, milkaa’ina isaaf hundi keenya shoora nurraa eegamu bahachuu qabnaa jedhaniiru. Hoggantoota paartilee siyaasaa morkattootaa keessaa dura taa'aan Sochii Bilisummaa ummata Beenishaangul Abdusalaam Shangeel akka jedhanitti, gaaffiin mirga abbummaa ulaa galaanaa Itiyoophiyaan dhiyeessite ulaagaa hundaan sirrii waan ta'eef deebii argachuu qaba jedhan. Kanaafuu paariin isaaniis gaaffiin mootummaan dhiyeesse sirrii ta’uusaa itti amanuun milkaa’ina isaafis kutannoon kan hojjetan ta’uu ibsaniiru. Dantaa biyyaalessaaf paartiin siyaasaa kamiyyuu waliin dhaabbachuu qaba jennee amanna jedhaniiru dura taa’aan kuni. Gaaffiin mirga abbummaa ulaa galaanaa akka deebii argatuuf harka walqabannee onnee tokkoon ni hojjennaa jedhaniiru. Paartichis gama isaatiin gaaffiin mirga abbummaa ulaa galaanaa deebii akka argatuuf hawaasaaf hubannoon uumuun cimee akka hojjetu eeraniiru. Pireezidaantiin Paartii Dimokraatawaa Moochaa Alamaayyoo Shaaroo gama isaaniitiin, dhimmi mirga abbummaa ulaa galaanaa yeroo ammaa ifatti kaasuun sirrii fi waktaawaa waan ta’eef kan deeggaramuu qabudha jedhaniiru. Itiyoophiyaan misoomuuf, guddachuu fi diinagdee ishee gabaa alaa fi keessaaf dhiyeessuuf ulaan galaanaa ishee barbaachisa waan ta’eef nutis kuni akka milkaa’uuf gahee nurraa eegamu ni bahanna jedhaniiru obbo Alamaayyoon. Gaaffii mirga abbummaa karra galaanaa Itiyoophiyaan karaa nagaa fi dippiloomaasii ta’een gaafachaa jirtu akka milkaa’uuf hundi keenya waloon deeggaruu qabnaa dhaamaniiru. Dhimmi mirga abbummaa karra galaanaa dhimma dantaa biyyaalessaa fi dhaloota itti fufsiisuu waan ta’eef milkaa’ina isaaf waan barbaachisu hunda ni hojjenna kan jedhan immoo Pirezidaantii Paartii Sochii Dimokiraatawaa Ummata Kuush obbo Maan’aayitoot Bayyanaadha. Paartiin isaanii gaaffiin mirga abbummaa ulaa galaanaa Itiyoophiyaan gaafachaa jirtu sirrii fi haqa qabeessa ta’uu eeruun, dhimma barbaachisaa kana irratti paartileen siyaasaa tokkummaa fi waloon dhaabbachuun hojjechuu akka qaban dhaamaniiru.
Waggoottan Jijiiramaa Darban Milkaa’inoonni Abdachiisoon Magaalotatti Galmaa’aniiru
Nov 15, 2025 73
Sadaasa 6/2018(TOI)-Waggoottan jijiiramaa darban milkaa’inoonni Abdachiisoon magaalotatti galmaa’uusaanii Sadarkaa Itti Aanaa Ministira Muummeetti Itti Gaafatamaan gidduugala Qindeessaan Ijaarsa Sirna Dimokiraasii fi Itti Aanaan Pirezidaantii Paartii Badhaadhinaa Adam Faarah ibsan. Fooramiin Magaalota Itiyoophiyaa 10ffaan mataduree “Guddinani Magaalotaa ga’ooma Itiyoophiyaaf” jedhun Naannoo Affaar Magaalaa Samara Loogiyaatti gaggeeffamuu eegaleera. Saganticharrtti Sadarkaa Itti Aanaa Ministira Muummeetti Itti Gaafatamaan giddu gala Qindeessaa Ijaarsa Sirna Dimokiraasii fi Itti Aanaan Pirezidaantii Paartii Badhaadhinaa Adam Faarah, Bulchaa Naannoo Affaar Awwal Arbaa, Itti Aantuu Afa Yaa’ii Mana Maree Federeeshinii Zahiiraa Humadi, Ministira Magaalaa fi bu’uura Misoomaa Caaltuu Saanii fi Qondaaltonni Mootummaa Olaanoon biroon argamaniiru. Sadarkaa Itti Aanaa Ministira Muummeetti Itti Gaafatamaan giddu gala Qindeessaa Ijaarsa Sirna Dimokiraasii fi Itti Aanaan Pirezidaantii Paartii Badhaadhinaa Adam Faarah wayita kana akka jedhanitti, fooramichi galma misoomaa fi mul’ata akka biyyaatti qabamerratti walii galteen waloo kan itti uumamudha. Itiyoophiyaan biyyoota guddina ariifachiisaarra jiran keessaaa tokko ta’uushee ibsuun, waggoottan jijiiramaa darban milkaa’inoonni gurguddoon magaalotatti abdiin ifaa horan galmaa’aniiru jedhaniiru. Yaada Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad maddisiisaniin kan eegalame Misoomni Koriidaraa Magaalota Jiraattotaaf Mijattuu gochuu dubbataniiru. Hojiiwwan Misooma Koriidaraan Hojjetaman Afriikaaf fakkeenyummaan kan eeraman ta’uusaanii kaasuun, milkaa’inoonni galmaa’an akkuma eegaman ta’uun hojiiwwan hafan biroon hojjetamuu qabu jedhaniiru. Kallattiiwwan Xiyyeeffannoo fuulduraa mootummaatiin kaa’aman hojiirra oolchuun milkaa’ina caaluuf hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.
Paartiin Wudib Waladoo Tigiraay(WLD) Ragaa Mirkaneessa Paartii Siyaasaa Seera Qabeessa argate
Nov 15, 2025 88
Sadaasa 06/2018(TOI)-Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Paartii “Wudib Walado Tigraay (WLD)”f waraqaa ragaa paartii siyaasaa naannoo seera qabeessa ta’e kenneera. Dargaggoonni paartii siyaasaa kana kan hundeessan hawaasni Tigree paartii tokkeen rakkachuu akka hin qabnee fi filannoo biraaf akka carraa banu yaadanii ta’uu ibsameera. Dargaggoonni kunniin paartii hundeessuun, gaaffii mirga seera qabeessumaa argachuuf Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaaf dhiyeessaniin waraqaan ragaa seera qabeessummaa isaaniif kennameera. Haaluma kanaan Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa akkaataa aangoo labsiidhaan kennameefiin Sadaasa 05/2018 Paartii Wudib Walado Tigraay(WLD)f waraqaa ragaa paartii siyaasaa naannoo seera qabeessa ta’e kennuu isaa beeksiseera.
Guyyaan Saboota, Sablammootaa fi Uummatoota Itiyoophiyaa Naannoo Gaambeellaatti haala tokkummaa sabootaa cimsuun kabajama
Nov 15, 2025 61
Sadaasa 06/2018(TOI)-Guyyaan Saboota Sablammootaa fi ummattoota Itiyoophiyaa Naannoo Gaambeellaatti haala tokkummaa sabdaneessummaa cimsuun taateewwan garagaraan kabajuuf qophiin xumuramuu Af-yaa’iin Mana Maree Naannichaa Masarat Maatiwoos ibsaniiru. Af-yaa’iin mana maree naannichaa akka ibasanitti guyyaan Saboota, Sablammootaa fi Ummatoota Itiyoophiyaa 20ffaan sadarkaa naannichaatti keessummeessa aanaa Diimaan, godina Anyuwaakitti akka kabajamu ibsaniiru. Ayyanicha haala tokkummaa Sabootaa fi Sablammootaa cimsuun danda’amutti kabajuuf haaldureen xumuramuu eeraniiru. Ayyaanni Saboota, Sablammootaa fi Ummatoota Itiyoophiyaa haala hawaasni aadaa fi duudhaasaa ittiin ibsachuu danda’uu fi akkasumas qabeenya turizimii naannichaa beeksisuu fi guddisuun danda’amurratti akka kabajamu ibsaniiru. Waltajjiiwwan marii hubannoo uumuu sirna Heera Federaalaawaa fi barnoota Heera Mootummaa irratti sadarkaa bulchiinsaa fi jaarmiyaalee naannichaatti mariin hawwasaa gaggeeffamaa akka ture eerameera. Gara fuula duraattis manneen barnootaatti bifa gaaffii fi deebiidhaan akkasumas iddoolee hawwasni itti hedduumatutti immoo bifa dorgommii ispoortiidhaan ayyaanichi ni kabajama jedhan. Kabajni ayyaanichaa akka naannootti hanga Sadaasa 20/2018tti kan kabajamu yoo ta’u, akka biyyaalessaatti naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaa Magaalaa Hosaa’inaatti kabajaurratti argamuufis akka qophaa’aa jiran Tajaajila Oduu Itiyoophiyaatti himaniiru.

Hawaasummaa
Vaayirasii Maarbargi To’achuuf Qindoominaan Hojjetamaa Jira
Nov 17, 2025 8
Sadaasa 03 2018(TOI)-Vaayirasii Maarbargi Naannoo Kibba Itiyoophiyaatti mudate to’achuuf qindoominaan hojjetamaa jiraachuu Ministeerri Fayyaa ibse. Ministirri Fayyaa Doktar Maqdas Dhaabaa haala yeroo dhimma fayyaarratti ibsa miidiyaaleef kennaniiru. Kanuma waliin walqabatee Sadaasa 03/2018 irraa jalqabee Naannoo Kibba Itiyoophiyaa magaalaa Jiinkaatti vaayirasiin Maarbargi mudachuu isaa dubbataniiru. Hanga ammaatti saamuudni namoota 17 fudhatamee laabooraatoriin qoratamee namoota 3 irratti vaayirachi kan argame ta’uu eeruun, namoonni vaayirasichi irratti argames lubbuun darbuu ibsaniiru. Namoota warreen vaayirasichi irratti argame waliin hariiroo qabu jedhamanis adda baafamanii hordoffiintaasifamaafii jiraachuu eeraniiru. Vaayirasicha to’achuufis qindoominaan hojjetamaa jiraachuu kaasuun ogeessonni vaayirasicha to’atanis gara bakkichaatti ergamuu dubbataniiru. Itiyoophiyaan yeroo ammaa kanatti dandeettii vayirasicha qorachuu qabaachuu himuun, vaayirasichas to’achuuf hojiin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu himaniru dooktar Maqdas Dhaabaan. Kanaafis buufataaleen fayyaa adda baafamanii bakka tursiisaa fi iddootti namoota vayirasichaan qabaman yaalaman qophaa’uu himaniiru. Yeroo ammaattis hojiin meeshaalee buufataalee fayyaa guutuu kan eegalame ta’uu eeranii, hojiin hubannoo uumuus hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Vaayirasichi namoota dhibee kanaan qabaman waliin wal tuttuqaa fi karaalee birootiin daddarbuu waan danda’uuf uummanni of eeggannoo cimsuu qabaa dhaamaniiru. Hawaasni dhibee kana ofirraa ittisuuf harka ofii saamunaan qulqulleessuu fi qulqullina dhuunfaa cimsee eeggachuu akka qabus dubbataniiru dooktar Maqdas Dhaabaan. Wayita kanatti namni adda baafamee iddoo adda bahinsaatti yaalamaa jiru akka hin jirre kan ibsan ministirri kun, vayirasii kana t’achuuf laaboraatooriin socho'aa gara naannoo Jinkaatti ergamuus himaniiru.
Keessummoonni Guyyaa Saboota, Sablammootaa fi Uummatoota Itiyoophiyaa kabajuuf gara naannichaa dhaqan bakkeewwan hawata tuurizimii ni daawwatu
Nov 17, 2025 16
Sadaasa 08/2018(TOI)-Keessummoota guyyaa Saboota, Sablammootaa fi Ummatoota Itiyoophiyaa 20ffaa kabajuuf gara Naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaa dhaqan bakkeewwan hawata tuurizimii daawwachiisuuf naannichi qophii xumuruu ibse. Guyyaan Sabootaa fi Sablammootaa naannichatti kabajamuun naannichaaf faayidaa olaanaa akka qabu, hawata turizimii uumamaa beeksisuu, bakkeewwan seena qabeessa fi aadaa beeksisuuf akka gargaaru itti aanaa hogganaa Biiroo Aadaa fi Tuurizimii Naannichaa fi hogganaa damee Tuurizimii obbo Mohaammad Nuurii Saaliyaa dubbataniiru. Kanuma waliin walqabatee bakkeewwan hawata tuurizimii ta’an adda baafamanii keessummoonni akka daawwataniif qophii gahaan taasifamuu Tajaajila Oduu Itiyoophiyaatti himaniiru. Bakkeewwan daawwannaaf adda baafaman kunneenis iddoo hambaa idil-addunyaa kan ta’e bakka awwaalchaa Xiyaa, Mana Qulqullummaa Midire Kaabed Aabboo, Godambaa Silxee, Haroo Hara Sheexan, Bishaan ho’aa Artoo, Festivaala Seeraa, Haroo Macafaraa, Sirna Lakkoofsa Loonii Waganaa, Ikoo tuurizimii Hambaricho 777 Holqa Sodiichoo dha. Akkasumas, Fincaa’aa Ajooraa, Jafoor, Paarkii Biyyaalessaa sulula Gibee, Fincaa’aa Birbirsaa, Onkololessa 17 iddoo funaansi qoricha aadaa itti adeemsifamu (Saamoo Eetaa), Haroo namtolchee Oomoo, Festivaala Mariishoo, Haadiraa Zabiimoollaa, Fincaa’aa Daqqanshii, sirna waldhabdee ittiin furan Raagaa Maagaa fi holqi Faaqaa kanfalchaa kanneen adda baafamanii keessummoonni akka daawwataniif eeramanidha. Iddoowwan keessummoonni keessa darbanii fi bulanitti nyaata aadaa fi uffata aadaa beeksisuuf xiyyeeffannoon kennamuus beeksisaniiru.
Ijaarsi Babal’isuu Hospitaala yaadannoo Zoodituu eebbifame
Nov 15, 2025 71
Sadaasa 6/2018(TOI)- Kantiibaan Bulchinsa Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee hojii ijaarsa babal’isuu hospitaala yaadannoo Zoodituu har’a eebbisuun tajaajilaaf banaa tassiisaniiru. Kantiibaa Adaanech Abeebee Hospitaala Buleessa Yaadannoo Zoodituu, babal’isa Hospitaala Haaraa madaalu ijaaruuni fi meeshaalee wal’aansaa ammayyaa’aan guutuun hojii eegalchiisuu ibsaniiru. Hospitaalichatti kan ijaarame gidduugala yaalaa guddaa, kaaree kuma1 fi 800 irra kan bufatee fi gamoo abbaa darbii 10 yoo ta’u tajaajila ciisanii wal’anamuu kan kennu siree 320 akka qabu eeraniiru. Kunis waggoottan 91 darbaniif tajaajila wal’aansaa yaalamtootaa hospitaala zawudituu ture dachaan akka guddisu ibsaniiru. Hospitaalichi ogeeyyii wal’aansaa fi yaalamtootaaf haala mijatuun ijaaramuusa Kantiibaan kun ibaniiru. Gidduu galichi yeroo ammaa sadarkaa dameen yaalaa meeshaa ammayyaan irra ga’een kan gurmaa’ee fi omisha oksijinii mataasaa kan dabalatee ta’uu dubbataniiru. Hospitaalichi Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee Giddu gala Tuurizimii Medikaalaa gochuuf hojii eegaleef humna dabalataa akka uumu ibsaniiru.
Manni Barnootaa Ammayaa’aan ijaarame baruu fi barsiisuuf haala mijataa uumeera
Nov 15, 2025 58
Sadaasa 6/2018(TOI)- Manni Barnootaa Sadarkaasaanii eeggatanii ijaaramuun haala mijataa baruu fi barsiisuu uumuusaa barsiisonnii fi barattoonni mana barumsaa sadarkaa 1ffaa fi gidduugaleessa Haayiq lakkofsa tokko ibsan. Itti Aanaan Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa Godina Kibba Walloo Magaala Hayiq mana barumsaa faawondeeshinii Balaayinee kindeetti ijaarame eebbisuun tajaajilaaf banaa godhaniiru. Ijaaramuun mana barumsichaa barattoonni barnmoota qulqullina qabu akka argatan akka isaan dandeessisu eeraniiru. Barsiisonni mana barumsichaa Arbaashikur Baqqalaa fi mahaammad imaambulal ammaan dura kutaa barnootaa mijataa hin taaneen barsiisa turuusaanii yaadataniiru. Haalli mijataan jiraachuu dhabuun barattoonni barnoota qulqullina qabu akka hin arganne gochun olitti, barsiisonni beekumsa dhaqqabsiisaa akka hin turre ibsaniiru. Amma garuu manni barumsaa haaraan gara tajaajilaatti galuun barattonni kutaa mijataa ta’e keessatti barnoota qulqullina qabu akka argatan isaan dandessiseera jedhaniiru. Barataa Hamzaa Mahaammadii fi Salaam Tasfaayee yaada kennaniin amman dura teessoon mijataan kan hin turree fi kutaa barnootaa dhiphoo keessatti barattoonni hedduun bakka tokkotti barachaa turuu ibsaniiru. Amma garuu kutaan barnootaa haaraan teessoo fi minjaala mijataan guutameefii akkasumas qulqulluu ta’uu dubbataniiru. Ogeessi mana kitaabaa Misiraaq Jamaal gamashen manni kitaabaa haaraa ijaarane kitaabileen kan guutamee fi bal’aa ta’uu dubbatteetti. Itti Aanaan Ministira Muummee Tamsgeen Xurunee ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaanin dabarsaniin pirojektii Gabataa dhalootaa Haayiqii cinaatti Abbaan Qabeenyaa Balaayineeh Kindee kan ijaarsisan Mana Barumsaa Gabataa dhaloota Haayiq lakoofsa 1 sadarkaa 1ffaa fi gidduugaleessa daawwachuu ibsaniiru. Kitaabilee Mana kitaabaa ABirihootii argatan 4250 mana kitaanbaa mana barumsichaaf kennuusaanii ibsuun kun hundi bu’aa misoomaa fi nageenyaati jechuunsaanii ni yaadatama.
Diinagdee
Godina Gujiitti jallisii Qamadii Bonee kilaastaraan lafti heektaarri kuma 117 misoomaa jira
Nov 17, 2025 7
Sadaasa 08/2018(TOI)- Godina Gujiitti jallisii Qamadii Bonee kilaastaraan lafti heektaarri kuma 117 misoomaa jira aachuu waajjirri qonnaa godinichaa hime. Misoomni jallisii Bonaa tooftaalee qonnaa adda addaa fayyadamuun oomisha fooyya’aa argachuuf tattaaffiin taasifamaa jira jedhan itti gaafatamaan waajjira qonnaa godinichaa obbo Dastaa Gabrayasuus. Qonnaan bultoonni misooma jallisii bonee irratti hirmaatan ogeeyyii qonnaa irraa deeggarsii fi to’annoon tasifamaafii jiraachuu eeruun, galteen dhihaachuu fi qophiin lafa qonnaas taasifamuu eeraniiru obbo Dastaan. Qonnaan bultoonni godichaas misooma qamadii jallisi bonee tiraaktaraan tooraan facaasaa jiraachuu himaniiru. Lafa heektaara kuma 117 misoomaa jiru irraas omisha kuntaala miliyoona 4 argachuuf kan karoorfame ta’uu ibsaniiru. Hanga ammaatti lafti heektaarri kuma 72 fi 220 ol qamadiin bonee jallisiin facaafamuun ibsameera. Misooma jallisii bonee kanaaf Xaa’oon biyyee fi sanyii qamadii filatamaa kuntaala kuma 60 ol qonnaan bultootaaf raabsamuu isaa ibsuun, qonnaan bultootaa fi horsiisee bultoota kuma 213 ol hojii misoomaa jallisii bonee kanaarratti hirmaachuu isaanii hubachiisaniiru. Aanaalee godinichaa hunda keessatti lafti misooma jallisiif qophaa’e kan baranaa kan bara darberraa heektaara kuma 17 fi 368 caalmaa akka qabu ibsaniiru. Kanaafis bishaan lafa jalaa baasuun paampii mootoraatiin kan deeggaramuu fi hojjettoota buufata misoomaatiin hordoffiin taasifamaa akka jiru obbo Dastaan ibsaniiru. Godina Gujiitti qonnaan bultoota misooma qamadii jallisii bonaa irratti hirmaatan keessaa, jiraataa aanaa Adoolaa magaalaa Qilxuu ganda Sorsaa kan ta’e dargaggeessi Taaddasaa Raggaasaa waggoota lamaan darban walitti aansuun misooma jallisii bonaan fayyadama ta’uusaa eeruun, nyaata qofaaf osoo hin taane gabaaf dhiyeessaa turuu ibseera. Baranas ogeessota misooma qonnaa irraa deeggarsa argachuun bu’aa olaanaa galmeessisuuf qophiisaa xumuree hojiitti seenuu himeera. Dargaggeessi jiraataa aanaafi ganda kanaa Misgaanaa Kaasaayee gama isaatiin, misooma jallisii irratti muuxannoo fi ogummaa waggaa sadii akka qabu dubbateera. Galteewwan isaaniif dhiyaateenis qamadii jallisii bonee sararaan facaasuun wabii nyaataa keenya mirkaneeffanna jedhaniiru qonnaan bultoonni TOIf yaada isaanii kennan.
Xaaliyaaniin Hirmaannaa Invastimantii Itiyoophiyaatti qabdu guddisuuf hojjechaa jirti
Nov 17, 2025 7
Sadaasa 8/2018(TOI)–Xaaliyaaniin misooma Manneenii dabalatee hirmaannaa Invastimantii Itiyoophiyaatti qabdu guddisuuf hojjechaa jiraachuu Itiyoophiyaatti Komishinarri Daldalaa Imbaasii Xaaliyaanii Kilaawudiyoo Paskuwaluchi Ibsan. Komishinar Kilaawudiyoo Paskuwaluchi Xaaliyaanii fi Itiyoophiyaan hariiroo gam-lamee cimaa qabaatanis, tumsi daldalasaanii haala barbaadamuun akka hin guddanne TOI’f ibsaniiru. Xaaliyaaniin omishawwan gara Itiyoophiyaatti ergitu akkasumas Bunaa fi Albuuda dabalatee omishoota tarsiimo’aa Itiphiyaarraa galachitu guddisuuf karoora qabachuushee hubachiisaniiru. Biyyoonni lameen hariiroo daldalaa qaban dagaagsuuf hojii hojjetamaa jiruun daandii sirriirratti argamu jedhaniiru. Itiyoophiyaan Xaaliyaanitti karoora Invastimantii guddaa biyyota dursa kan kennameefii keessaa tokko ta’uushee ibsaniiru komishineerichi. Xaaliyaan Misooma paarkiiwwan Industirii fi kaampaanota Xaaliyaanii, dhuunfaasaanii fi carraawwan shaarikaan hojjechuu danda’an uumuuf hojjetamaa jiraachuu hubachiisaniiru. Ijaarsa Manaa Hawaasarratti xiyyeeffate dabalatee inisheetivoota biroorratti marii taassisuusaanii ibsuun, shaarikni Invastimantiin hojjechuuf karoora jiru kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru. Hariiroon daldalaa biyyoota lamaanii guddisuuf carraawwan dandeessisan fuuldura keenya jiru kan jedhan komishineerichi, dandeettii gara bu’aa argamutti jijjiiruuf xiyyeeffannoon hojjechuun akka barbaachisu hubachiisaniiru.
Misooma Jallisii Marsaa Jalqabaan kuduraa fi midhaan hiddaa kuntaala miiliyoona 11 ol argachuuf hojjetamaa jira
Nov 17, 2025 8
Sadaasa 8/2018(TOI) –Misooma Jallisii Marsaa 1ffaan kuduraa fi biqiloota hiddi saanii soorataman kuntaala miiliyoona 11 tuqaa142 ol argachuuf hojjetamaa jiraachuu Biiroon Qonna Naannoo Uummattoota Kibba Itiyoophiyaa ibse. Biirichatti Daarektarri eegumsa Hortii Kaalcharii fi misooma midhaanii Tasfaayee G/mikaa’el akka ibsanitti, Misooma Jallisii Marsaa 1ffaan lafti hektaara kuma 53 fi 16 qophaa’uu ibsuun kudaaraa fi midhaan hiddisaa nyaatamu omishni kuntaala Miiliyoona 11 fi kuma 142 fi 903 argachuuf karoorfameera. Hanga ammaatti lafti hektaarri kuma 21 fi 818 qophaa’uu ibsuun, isaan keessaa lafti hektaarri kuma 12 fi 435 midhaan kuduraa fi hiddaan facaafamuu mirkaneessaniiru. Hojii kanarratti namoonni kuma 17 fi 302 hirmaachuusaanii TOI’f ibsaniiru. Gama biroon bara omishichaatti lafa hektaara kuma 134 fi 763 misoomaa jiru irraa callaan kuntaalli miiliyoona 24 fi kuma 69 fi 200 walitti qabuuf karoorfamee hojjetamaa jiraachuu hubachiisaniiru. Bu’uuruma Kanaan hanga ammaatti lafa hektaara kuma 18 fi 50 ol irraa callaa kuntaala miiliyoona 4 fi kuma 142 fi 950 kuduraan walitti qabamuu danda’uu ibsaniiru.
Kombolchaatti xiyyeeffannoon tajaajila ammayyaa fi hojii namarratti xiyyeeffateef kenname ajaa’ibsiisaadha -Itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa
Nov 16, 2025 58
Sadaasa 7/2018(TOI)- Kombolchaatti xiyyeeffannoon tajaajila ammayyaa fi hojii namarratti xiyyeeffateef kenname ajaa’ibsiisaadha jedhan itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa. Har’a tajaajila dijitaalaa bulchiinsa magaalaa Kombolchaa riijoopooliitaan fi haaromsa bakka hojii ammayyaa fi hojiilee namarratti xiyyeeffatan arguusaanii ergaa fuula miidiyaa hawaasummaasaaniirratti barreeswsaniin beeksisan itti aanaan ministira muummee. Gamoon bulchiinsa magaalaa galteewwan smaarti siitii guutuun haaromfamuu ibsaniiru. Gamoon kun akkaataa hojmaata dijitaalaa hojiirra oolchuuf gargaaruun gurmaaa’uunsaa tajaajila ammayyeessuuf humna ta’a jedhaniiru. Akkasumas maneen jireenyaa jiraattota harka qalleeyyii magaalichaaf ijaaramanii kennaman arguusaanii eeran itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa. Bulchiinsi magaalichaa dureeyyii fi hawaasa magaalichaa qindeessuun maneen jireenyaa sadarkaa isaanii eeggatan bilookii lama ijaarsisee harka qalleeyyii fi manguddootaaf kennuusaa ibsan. Pirojektiin tajaajila magaalaa dijitaalaa fi hojiileen namarratti xiyyeeffatan kan magaalaa Kombolchaatti daawwanne agarsiiftuu misooma hammataa magaalota keenya keessatti hojiirra oolchaa jirruuti jechuun ibsaniiru.
Saayinsii fi teeknooloojii
Riifoormichi magaalonni maddeen teekinooloojii ta’uusaanii qabatamaan kan itti mul’atedha
Nov 17, 2025 8
Sadaasa 08/2018(TOI)-Agarsiisni Fooramii Magaalota 10ffaan mootummaa ida’amuu keessatti gaggeeffame magaalonni madda beekumsa teeknooloojii ta’uu qabatamaan kan agarsiise ta’uu Ministirri Magaalaa fi Bu’uura misoomaa aadde Caaltuu Saanii ibsaniiru. Fooramiin Magaalota Itiyoophiyaa 10ffaan Naannoo Affaar magaalaa Samaraa Loogiyaatti mata duree "Guddinni Magaalotaa Olaantummaa Itiyoophiyaaf" jedhuun gaggeeffamaa jira. Hogganaan Giddugala sadarkaa itti aanaa ministira muummeetti Qindeessaan qindeessa Ijaarsa sirna Dimokiraasii fi itti aanaa pirezidaantii Paartii Badhaadhinaa Adam Faraah agarsiisa Fooramii Magaalota Itiyoophiyaa 10ffaa eegalchiisuun isaanii ni yaadatama. Ministirri Magaalaa fi Bu'uura misoomaa Caaltuu Saanii agarsiisa qophaa'e daawwataniiru. Dawwannaa isaaniin walqabatee turtii Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa waliin taasisaniin akka himanitti, fooramichi guddina magaalotaaf shoora olaanaa qaba. Hawaasni magaalota adda addaa keessa jiraatus bakkatti muuxannoo wal jijjiiran ta’uu eeraniiru. Agarsiifni kuni bakkatti magaalonni walbaraniin dabalatatti, hojiileen kalaqaa bakkatti muuxannoon waljijjiiramu ta’uu eeraniiru. Mootummaa ida’amuu keessa magaalaaleen bakka beekumsi teeknooloojii itti maddu ta’uun qabatamaan kan itti mul’ate ta’uu beeksisaniiru.
Gahumsaa fi dandeettii Itiyoophiyaa Inistitiyutii hubannoo namtolchee Itiyoophiyaarraa Argeera–Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad
Nov 17, 2025 10
Sadaasa 8/2018(TOI) –Humna Raawwachuu fi gahumsa Itiyoophiyaa Inistitiyuutii hubannoo namtolchee Itiyoophiyaarraa argeera jechuun Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad ibsan. Waajjirri Olaanaan inistiitiyuutii hubannoo namtolchee bakka duraan ture jijiiruun gamoo Birodcaastii Korporeeshinii Itiyoophiyaa duriitti yeroo darbe Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Ergaa dabarsaniiru. Ergaasaaniin,waliigala guyyaa hara’aa waan arge namni mul’ata ifa yoo qabaate, naamusa olaanaan kan hojjetu yoo ta’e , waan tokko akka yaadetti milkeessuu akka danda’u argeera jedhaniiru. Wanti rawwatamaa jiru hundi Itiyoophiyaanotaan ta’uunsaa Itiyoophiyaan biyya humna raawwachuu danda’u qabaachuushee argeera jedhaniiru. Gamoo fi bakka qabnu nuuf ta’a jennee yaannee yoo hojjenne baay’ee kan miidhagan ta’uu akka danda’an argeera jedhaniiru. Inistitiyutii hubannoo namtolchee Itiyoophiyaa sadarkaa dhaabbataatti kan eegalchiisne Naannoo Waggaa shaniit kan jedhan Ministirri Muummee, yeroo ammaa hojiin ijaarsa dhaabbataa baay’ee kan dinqisiifatamu ta’uu dubbataniiru. Mul’annii fi naamusni yeroo wal-argatu maal uumuun akka danda’amu dhaabbanni kun agarsiistuu ta’uu ibsaniiru. Hubannoo namtolcheen bakka hojiitti qofaa hanga ammaatti yoo fudhatame Itiyoophiyaaf agarsiistuu, ilaalcha haaraa, yaadama haaraa, kan ibsuu fi argisiisu, hojiif baay’ee kan mijate dhaabbataa fi bakka dargaggoon yeroo dheeraa hojjechuu kan danda’an ta’eera jechuun ibsaniiru. Waggaa Shanan har’aa yaada Artiifishaal intelejensii jedhu yeroo yaadnu dhaabbanni haa uumamu yeroo jedhamu nu keessaa yaanni kun kan hin liqimfamneef hedduu ture. Haata’u malee hubannoon namtolcheen dhalli namaa haala itti yaadu, kan itti xiinxalu, filannoowwan, daandii itti argu bocaa dhufeera jechuun ibsaniiru
Tajaajilli wiirtuu tokkoo masoob (Koraa)naannoo Affaar hojii eegale
Nov 17, 2025 9
Sadaasa 8/2018(TOI)- Tajaajilli wiirtuu tokkoo masoob (Koraa)naannoo Affaar hojii eegaleera. Bulchaan naannoo Affaar Awwal Arbaa tajaajila wiirtuu tokkoo (Koraa) naannichaa eebbisanii hojii eegalchiisaniiru. Bulchaa naannoo Affaar Awwal Arbaa dabalatee ministirri magaalaa fi bu’ura misoomaa Caaltuu Saanii, komishinariin komishinii Siviil Sarviisii Dr. Makuriyaa Hayilee akkasumas hooggantoonni olaanoo federaalaa fi naannichaa biroon saganticharratti argamaniiru. Kenniinsi tajaajila wiirtuu tokkoo Masoon wiirtuu hawaasni karaa dijitaalaa salphaatti tajaajila itti argatudha.
Naannoo somaaleetti lammiileen kuma 340 ol waraqaa eenyummaa Dijiitaalaa faayidaa fudhachuuf galmaa’aniiru
Nov 12, 2025 122
Sadaasa 3/2018(TOI)-Naannoo Somaaleetti galmee waraqaa eenyummaa Dijiitaalaa faayidaa dhaqqabamaa taassisuun lammiileen ijaarsa Dinagdee Dijiitaalaaf qooda mataasaanii akka bahan taassifamaa jiraachuu qindeessaan sagantaa waraqaa eenyummaa biyyoolessaa naannichaa beeksise. Qindeessaan Sagantaa waraqaa eenyummaa biyyoolessaan Riijinii Bahaa Naannoo Jigjigaa Geediyoon Geetachoo TOI’f akka ibsanitti, waraqaa eenyummaa dijiitaalaa faayidaa lammiileen tajaajila hedduu haala si’ateen akka aragatan isaan dandeessisa. Waraqaa eenyummaa Dijiitaalaa Faayidaan ijaarsa Dinagdee dijiitaalaa Itiyoophiyaan qabatteef qooda murteessaa gumaacha jedhabniiru. Kanaanis naannichatti fayyadamummaa waraqaa eenyummaa dijiitaalaa hawaasa naannichaa mirkaneessuun ijaarsa Dinagdee dijiitaalaan hirmaannaasaanii mirkaneessuuf gurmaa’insootaa fayyadamuun hojjetamaa jiraachuu beeksisaniiru. Godinaalee naannichatti argamananittii fi Aanaalee 66tti manneen Barnootaatti, Yunvarsiitotatti, Baankiiwwanitti, giddu galawwan daldalaatti akkasumas dhaabbilee mootummaa birootti galmeen gaggeeffamaa jiraachuu ibsaniiru. Naanichatti sagantichi erga eegalee Caamsaa bara 2017 irraa eegalee hanga ammaatti namoonni kuma 340 galma’uusaanii eeruun, kana keessaa kuma 180 kan ta’an Aanaalee fi godinaalee magaalaa Jijjigaa ala ta’anitti ta’uu eeraniiru. Naannichatti hanga waxabajjii 2018tti lammiilee miiliyoona 1 tuqaa 8 ol galmeessuuf karoorsuu ibsuun, bara baajatichaa baatii jalqabaa qofa namoonni kuma 160 ol galmaa’uusaanii dubbataniiru. Hawaasichi galmee booda Itiyoo tele koomii fi dhabbilee beekamtii qaban irraa Waraqaa eenyummaa dijiitaala fudhachuun of-eeggannoon fayyadamuu akka qaban hubachiisaniiru.
Ispoortii
Dursaan liigichaa humni Ibsaa Itiyoophiyaa tapha magaalaa Hawaasaa waliin taassisu ni eegama
Nov 14, 2025 86
Sadaasa5/2018(TOI)-piriimer liigii dubartoota Itiyoophiyaatti sagantaa torban 6ffaan taphoonni lama Isataadiyeemii Abbabaa Biqilaatti gaggeeffamu. Guyyaa sa’aatii 7:00 Magaalaan Hawaasaa, Humna Ibsaa Itiyopophiyaa waliin taphatu. Magaalaan Hawaasaa liigichatti tapha shan gaggeesseen yeroo 4 yoo mo’u yeroo tokko mo’ameera. Taphichaan goolii 9 yoo lakkoofsisu goolii sadii keessummeesseera. Garichatti qabxii 12n sadarkaa 3ffaa irratti argama . Morkataansaa Humni Ibsaa Itiyoophiyaa gamasaan liigichatti taphoota gaggeesseen taphoota shan injifateera. Goolii 13 yoo lakkoofsisu golii tokko keessummeesseera. Garichatti qabxii 15 liigicha dursaa jira . Dorgammii bara Kanaan kilaboonni lama jalqabbii gaarii argisiisan taphichaan morkii walgitaa ni taassisu jedhamee eeggama . Sagantaa biroon Bunni Sidaamaa Magaalaa Finfinnee waliin guyyaa sa’aatii 9:00 taphasaanii gaggeessu. Liigichatti Bunni Sidaamaa taphoota 4 gaggeesseen yeroo tokko yoo injifatu yeroo sadii wal-qixaan adda baheera. Taphichaan bunni sidaamaa goolii shan yoo galchu, goolii sadii keessummeesseera. Garichatti qabxii 6n sadarkaa 6ffaa qabateera. Morkataansaa magaalaan Finfinnee liigichatti tapha shan gaggeesseen tokko yoo injifatu , yeroo 4 mo’ameera. Taphichaan goolii lama yoo lakkoofsisu goolii 11 keessummeesseera. Garichaan qabxii sadiin sadarkaa 13ffaa qabatee sadarkaa gad-bu’aarratti argama. Taphichaan gareewwan lameen gara daandii injifannootti deebi’uuf morkii taassisanidha.
Piriimar liigii dubartootaatiin magaalaan Adaamaa milkaa’eera
Nov 13, 2025 77
Sadaasa 4/2018(TOI)-Sagantaa turban jahaffaa piriimar liigii dubartootaa Itiyoophiyaatiin magalaan Adaamaa kutaa magaalaa Boolee 2 fi 1’n mo’ateera. Qabxii kanarratti hundaa’uun magaalaan Adaamaa tapha liigichaatiin yeroo lama yoo mo’atu kutaan magaalaa Boolee yeroo afur mo’ameera. Tapha guyyaa gaggeeffameen Machaal Buna Yirgaa Caffee 1 fi 0’n mo’ateera.
SagantaanWaancaa Itiyoophiyaa marsaa2ffaan har’aa fi boru gaggeeffama
Nov 12, 2025 170
Sadaasa3/2018(TOI)-Waancaa Itiyoophiyaa marsaa 2ffaaoolmaasaa Guyyaa jalqabaan taphoonni Afur gaggeeffamu. Injifattaan morkichaa Walaayittaa Diichaan Yuunvarsitii Walwaloo Addagiraat waliin guyyaa sa’aatii 9:00 Istadiyeemii Yuunvarsiisttii hawaasaatti ni taphatu. Humna Ibsaa Itiyoophiyaa,madin Itiyoophiyaa waliin guyyaa sa’aatii 4:00tti, Magaalaan Arbaaminci, Qiddus goorgis waliin guyyaa sa’aatii 9:00 taphasaanii gaggeessuu. Bunni Beenchi maajii,gaamooCaanchaawaliin Istaadiyeemii Atrifishaalii Hawaasaatti gaggeeffama. Boru taphoonni waancaa Itiyoophiyaa 12 ni gaggeeffamu. Dorgommii marsaa jalqabaan kilaboonni liigii olaanoo qofaan kan hirmaatan yoo ta’u gareewwan injifatan marsaa 2ffaan piriimer liigii Itiyoophiyaa waliin walitti makamuun ni taphatu. Walaayittaa diichaan waancaa Itiyoophiyaa waktichaa Injifateera. Gareen Waancaa Itiyoophiyaa Injifatu waggaa itti aanu Itiyoophiyaa bakka bu’ee waancaa konfedereeshinii CAF irratti hirmaata.
Taphni eeggamaa ture Maanchisteer siitiin liver puuliin Injifachuun sadarkaasaa gara 2ffaatti guddiseera
Nov 10, 2025 315
Sadaasa 1/2018(TOI)- Piriimer liigii Ingilizitti sagantaa torban 11ffaan Maanchisteer siitiin liver puuliin 3 fi 0 injifateera. Tapha Halkan Istaadiyeemii Itihaatti gaggeeffameen Arliing haalaandi, Zyirmii dokuu fi Niiko gonzaalez goolii injifannoo lakkoofsisaniiru. Arliingi Haalaandi taphichaan rukkuttaa adabbii argatee balleesseera. Siitiin taphichaan morkataasaarra haala fooya’een carraawwan gooliif dhihaatan uumeera. Bu’icha hordofee Maanchisteer siitiin liigichatti injifannoo torbaffaa galmeessisuun qabxii 22 gara sadarkaa 2ffaatti guddisaniiru. Dursaa Liigichaan Arsenaal garaagarummaa qabxii qabu gara 4tti gad-buuseera. Faallaasaan liigichatti yeroo shan kan Injifatame Liverpuul qabxii 18n gara sadarkaa 8ffaatti gad- bu’eera. Arliingi Haalaand liigichatti baay’ina gooliiwwan lakkoofsiseen gara12tti guddisuun galchii goolii hedduu lakkoofsisuusaa cimseera. Haaluma wal-fakkaatuun taphoota biroo har’a gaggeeffamaniin Astonviilaan bornimawuzin 4 fi 0 yoo injifatu Birentifordi Niwukaastiliin yunaayitidiin, Notingihaam foresti liidsi Yuunaayitidiin haaluma walfakkaatuun 3 fi 1 injifateera. Kiristaal paalas biraayiteeniin goolii malee wal-qixa adda bahaniiru. Piriimer liigii Ingilizitti tapha gareewwan biyyoolessaa Idil-Addunyaan booda torban lamaa booda sagantaa torban 12ffaa ni deebi’a.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Itiyoophiyaan yaa’ii haala qilleensaa Dhaabbata Mootummoota gamtoomanii (Cop-32) akka keessummeessitu filatamuunshee Itiyoophiyaa fi Afriikaaf seenaa qabeessadha- Dura taa’aa Komishinii Gamtaa Afriikaa
Nov 15, 2025 40
Sadaasa 6/2018(TOI)- Itiyoophiyaan yaa’ii haala qilleensaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (Cop-32) akka keessummeessitu filatamuunshee Itiyoophiyaa fi Afriikaaf seenaa qabeessa jechuun Durataa’aan Komishinii Gamtaa Afriikaa Mahaammud Alii Yusuuf ibsan. Durataa’aan kun Itiyoophiyaan yaa’ii haala qilleensaa Dhaabbata Mootummoota gamtoomanii (Cop-32) akka keessummeessitu filatamuusheen ergaa baga Gammaddanii dabarsaniiru. Murtichi Ityoophiyaa fi Afriikaaf seenaa qabeessa ta’uu dura taa’aan kun ibsuun, kunis kutannoo hin jijiiramne tarkaanfii Afriikaan jijjiirama haala qilleensaaf qabdu argisiisa jedhaniiru. Itiyoophiyaan karaa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin qooda hoggansa haala jijiirama qilleensaa qabdu ajaa’ibsiifataniiru. Itiyoophiyaan bosona hedduu deebisanii misoomsuu fi Ashaaraa Magariisaa dabalatee tarkaanfiiwwan eegumsa naannoo cimaa fudhachaa jiraachuu ibsaniiru. Itiyoophiyaan Taateewwan Idil-Addunyaa milkaa’inaan keessummeessuun humna dilbii qabaachuushee kaasuun yaa’iiwwan Ardii fi Idil-Addunyaa gurguddoo keessummeessuuf dhaabbatummaa cimaa fi muuxannoo qabdi jedhaniiru. Teessoo Gamtaa Afriiklaa fi Gidduugala Dippiloomaatii Addunyaa kan taate magaalaan Finfinnee yaa’icha akka keessummeessitu filatamuunshee qooda tumsa Gidduugala Idil-Addunyaatti Qabdu Caalaatti akka Guddisuus Ibsaniiru. Komishinichi Itiyoophiyaa, hammattoo jijjiirama haala qilleensaa dhaabbata mootummoota Gamtoomanii (UNFCCC) fi deeggartoota waliin ta’uun (Cop-32) hunda hirmaachisaa fi bu’aa qabeeessa gochuun xiyyeeffannoo duraa haala jijiirama qilleensa Afriikaa caalaatti tarkaanfachiisuu fi Tumsa Idil- Addunyaa cimsuuf dhiheenyatti akka hojjetu ibsuusaanii Gamtichi odeeffannoo TOI’f ergeen ibseera. Yaa’iin haala Qilleensaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 32ffaan (cop-3o) Biraazil Belemittigaggeeffamaa jiruun Itiyoophiyaan A.L.A bara 2027 gaggeeffamu (cop-32) akka keessumeessitu filatamteetti. Biyyoonni Afriikaa (COP-32) Itiyoophiyaatiif feedhii keessummeessuuf deeggarsasaanii guutuu kennuunsaanii ni yaadatama.
Itiyoophiyaan jijjiirama haala qilleensaarratti bu’aa tarkaanfii waloo jajjabeessu fiduuf kutannoo qabdi-Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Nov 14, 2025 56
Sadaasa 5/2018 (TOI)- Itiyoophiyaan waltajjii Koop 32 irratti jijjiirama haala qilleensaarratti bu’aa tarkaanfii waloo jajjabeessu fi qabatamaa fiduuf kutannoo akka qabdu ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad mirkaneessan. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniirratti dabarsaniin, Itiyoophiyaan Koop 32 akka keessummeessitu hawaasni Addunyaa itti gaafatama guddaa waan nuuf kenneef kabajni nutti dhagahama jedhaniiru. Afriikaan bara 2025 konfaransii jijjiirama haala qilleensaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii (Koop 30) Biraazil irratti sagalee tokkoon dubbatteetti, Addunyaanis ishee dhaggeeffateera jedhaniiru. Bakka bu’oota biyyoota Afriikaa gaaffii Itiyoophiyaan akka lakkoofsa faranjootaatti bara 2027 Finfinneetti Koop 32 keessummeesuuf gaafatte guutummaatti deeggaran galateeffataniiru. Rakkoowwan Jireenya namaa keessatti baay’ee barbaachisan keessaa tokko furuun akka danda’amu tattaaffii waloo gaggeessuuf carraa waan arganneef ni galateeffanna jedhaniiru. Hawaasni addunyaa itti gaafatama guddaa kana waan nuu kenneef kabajni nutti dhagahama jedhan Ministirri muummee. Beekamtii kana kutannoo cimaa Itiyoophiyaan haala qilleensaarratti qabdu, hooggansaa fi qophiilee idil addunyaa ijoo keessummeessuuf dandeettii dilbii qabdu agarsiisa jechuun cimsanii ibsaniiru. Kanaaf waltajjiin koop 32 Itiyoophiyaan keessummeessitu jijjiira haala qilleensaarratti tarkaanfii waloo kan jajjabeessu bu’aa cimaa fi qabatamaa fiduuf guutummaatti kutannoo akka qabdu mirkaneessaniiru.
Hojimaatni kunuunsa biyyee fi bishaanii gabbina biyyee guddisuun oomishaa fi oomishtummaan akka dabalu taasiseera.
Nov 14, 2025 46
Sadaasa 05/2018(TOI)-Waggoottan darban hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii hawaasa hirmaachise hojjetameen oomishaa fi oomishtummaan akka dabalu taasiseera jedhe Ministeerri Qonnaa. Bona baranaafis hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii haala gaariin hojjetamuuf haaldureewwan xumuramuu ibseera. Jijjiiramni qabeenya qilleensaa, lolaan, roobni yeroosaa eegee roobuu dhabuun, hongeenii fi dhiqamni biyyee jireenya hawaasaarratti dhiibbaa fidaa jiraachuun eerameera. Biqiloota dhaabuun; kunuunsi biyyee fi bishaanii immoo jijjiirama qilleensaa sirreessuun dhalli namaa rakkoo hamaaf akka hin saaxilamne taasisa. Imaammata kunuunsa qabeenya uumamaa Itiyoophiyaan hordoftee ashaaraa magariisaan biqiloota duulaan dhaabuun, kunuunsa qabeenya biyyee fi bishaanii waktii bonaa hojiirra oolchitu kunuunsa naannoof xiyyeeffannoo kennitee hojjechaa jiraachuu isheef ibsituudha. Ministeera Qonnaatti dursaa hojii raawwachiisaan Misooma, Kunuunsaa fi itti fayyadama qabeenya uumamaa obbo Faanosee Mokonnoon turtii Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa waliin taasisaniin akka jedhanitti qabeenyi uumamaa jireenya dhala namaa waliin walitti hidhata guddaa qaba. Haalli jijjiirama qilleensaa, lolaan, hongeenii fi dhiqamni biyyee deebii uumamni deebisee kennu balleessaa dhalli namaa hojjetuuti jedhan. Waggoottan darban hojiin kunuunsa biyyee fi bishaaniif hawaasa hirmaachise hojjetameen fooyya’insi gaariin argamuu fi oomishnii fi oomishtummaan dabaluus kaasaniiru. Biyyattii keessatti lageen gurguddoo 12 sab beezinii 135 qaban akka jiran eeruun, yeroo ammaa bishaan sab beezinii gurguddoon dabalataa 8,903 adda baafamanii misoomfamaa akka jiran ibsaniiru obbo Faanosee Mokonnoon. Hojiileen kunuunsa biyyee fi bishaanii waggaa waggaan sadarkaa hawaasaatti adda baafamanii hojjetamaa jiran bishaan yaa’insa xixiqqaa kuma 197 fi 843 misoomsamaa jiraachuu eeraniiru. Haaluma kanaan lafa heektaara miiliyoona 33.6 irratti hirmaannaa mootummaa fi hawaasaatiin hojiin irra deebiin misoomsuu hojjetamaa akka jirus isaniiru. Iddoon hojii kunuunsa biyyee fi bishaanii Bonaa fi hojichaaf meeshaaleen barbaachisan adda baafamanii hojiitti galamuuf qophiin xumuramuus himameera.
Gaaffiin Afriikaa Kadhaa miti kan nuyi barbaannu haqa haala qilleensaa fi dhiheessii Faayinaansii haqa qabeessa–Mahaamud Alii Yusuuf
Nov 8, 2025 329
Onkoloolessa 29/2018(TOI )-Afriikaan Kadhaa hin barbaaddu gaaffiin keenya haqa qabeessummaa haala qilleensaa fi dhiheessii faayinaansii haala qilleensaa jiraachuiuu qaba kan jedhudha jechuun Dura taa’aan Komishiniin Gamtaa Afriikaa Mahaammud Alii Yusuuf iGaaffiin Afriikaa Kadhaa miti kan nuyi barbaannu haqa haala qilleensaa fi dhiheessii Faayinaansii haqa qabeessa–Mahaamud Alii Yusuuf bsan. Jijiirama haala Qilleensaaf Qooda xiqqaa kan qaban biyyoonni Afriikaa harqoota miidhaa guddaa baachuu hin qaban jedhaniiru. Yaa’iin jijiirama haala qilleensaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 30ffaan (kop-30) Sadaasa 1 hanga 12 bara 2018tti Biraazil Beelemitti gaggeeffama . Mata dureen yaa’ichaa ijoon “tarkanfii fi hojiirra oolmaan haala qilleensaa” kan jedhudha. Yaa’ii Guddaa kana dura yaa’iin hoggantoota haala qilleensaa Beelem gaggeeffameera. Dura taa’aan Gataa Afriikaa Mahaammud Alii Yusuuf yaa’icharratti haasaa taassisaniin Afriikaan gara yaa’ii kop30 tti ejjennoo cimaan dhufuushee ibsuun Ardiittiin bakka buutuu jijiiramaati jechuun dubbataniiru. Bakkeewwan madda Aannisaa aduu irraa hanga abbummaa iniveeshinii magariisaatti kan qabatte Afriikaan yeroon itti Aanu haqa qabeessa, hunda hammataa fi kaarboonii gad-lakkifamu xiqqaa akka ta’u qooda gaggeessummaashee bahaa jiraachuu ibsaniiru. Afriikaan Aannisaa haaromfamaa Addunyaa dhibbantaa 40 qabdu taatus faayinaansiin haala qilleensaa argattu dhibbantaa 12 gadi ta’uu hubachiisaniiru. Nuyi kan gaafanne tola ooltummaa miti kan jedhan dura ta’aan kun, nuyi kan gaafannu haqa qabeessummaa haala qilleensaa, faayinaansii haqa qabeessa, teekinooloojii fi dhaqqabamummaa carraawwanii ti jedhaniiru. Biyyoonni jijiirama haala qilleensaa keessatti qooda xiqqaa gumaachan harqoota guddaa baachuu hin qaban jedhaniiru. Waadaa walii galtee Addunyaa Kop-30 gara jijiiramaatti, saaxilamummaarraa gara ciminaatti cehuu akka qabu ibsuun hojiin jijiirama haala qilleensaa ittisuu yaadama michummaan, haqa qabeessummaanii fi badhaadhina waloon gaggeeffamuu akka qabu hubachiisaniiru. Yeroon Tarkaanfii Furmaata walakkaa qofa fidu fudhachuu dhumeera, amma kan barbaachisu ciminaan kan guutame fi deebii hojii waliiniiti jechuusaanii Oddeeffannoon TOI’n Gamtaa Afriikaarraa argate mul’isa.
Gabaasa addaa
Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifama
Dec 7, 2024 8892
Sadaasa 27/2017(TOI) - Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu Humni Elektiriikii Itoophiyaa beeksise. Har'a galgala kana tasgabbii dhabuu sistamaatiin rakkoo mudateen guutuu biyyattiitti humni elektirikii addaan citeera. Rakkoo kana hiikuufi humnicha deebisuuf buufatalee maddoota humnaafi raabsaatti tattaaffiin olaanaa taasifamaa jira. Rakkoo umame Humni Elektiriikii Itoophiyaa hiikee hanga bakkasaatti deebisutti obsaan akka nu eegdan kabajaan gaafachaa, odeeffannoowwan jiran hatattaamaan kan isiniin biraan geenyu ta'a jechuun Tajaajilli Elektiriikii Itoophiy karaa miidiyaa hawaasummaa isaa beeksiseera.
Hoggantoonni hojii bulchiinsa magaalaa Finfinnee balaa Ibiddaa Markaatoo naannaawwa Shammaa taraa jedhamutti mudateen miidhaa qaqqabe daawwata.
Oct 22, 2024 7015
Onkoloolessa 12/2017(TOI) - Hoggantoonni hojii bulchiinsa magaalaa Finfinnee balaa Ibiddaa Markaatoo naannaawwa Shammaa taraa jedhamutti mudateen miidhaa qabeenyarra gahee bakkatti argamuun ilaalaniiru. Paartii Badhaadhinaatti hogganaan damee wajjira Finfinnee obbo Mogas Baalchaa wayita kana akka himanitti; gamoo balaan ibiddaa irratti mudatee qaama isaa gar tokko balaa kanarraa baraaruun danda'ameera. Kutaaleen hawaasaa fi qaamoleen nageenyaa karaa qindaa'een balaa kana to'achuu fi balaan kun gara biraatti akka hin babal'anneef hojii hojjetaniif galateeffataniiru. Bulchiinsi magaalichaa balaa ibiddaa mudate kanaan kanneen miidhaman deebisee dhaabuuf xiyyeeffannoon akka hojjetu obbo Mogos Baalchaa ibsuu isaanii Odeeffannoon Waajjira Kantiibaarra argame ni mul'isa.