ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Hoj-maata Dijitaalaa Babal’isuun ragaa mirkaneessuu fi gurmeessuuf hojiin hojjetamu cimee itti fufa
Apr 20, 2026 608
Ebla 12/2018(ENA)-Daayireektarri Olaanaa Tajaajila Istaatistikii Itiyoophiyaa Doktar Bakar Shaalee, hojiin dijitaalaan odeeffannoo mirkaneessuu fi gurmeessuu akka cimu ibsan. Tajaajilli Istaatistikii Itiyoophiyaa, Komishinii Siivil Sarviisii waliin ta'uudhaan, hojii odeeffannoo hojjettoota siivil sarviisii mirkaneessuu irratti mariin hubannoo cimsuu Magaalaa Samaraatti adeemsifamaa jira. Daayirektarri Olaanaa Tajaajila Istaatistikii Itiyoophiyaa Doktar Bakar Shaalee wayita sana akka jedhanitti, hojiin dijitaala odeeffannoo siivil sarvaantootaa mirkaneessuu fi gurmeessuu cimee hojjetamaa jira. Siivil Sarviisii Dijitaalaawaa dhugoomsuun faayidaa hedduu qabaachuu ibsuudhaan, odeeffannoo gurmaa'een sirna qabannaa odeeffannoo amansiisaa diriirsuuf saffisaan hojjechuun akka barbaachisu hubachiisaniiru. Naannichi xiyyeeffannoo kennee odeeffannoo hojjettootaa waraqaa eenyummaa Dijitaala (digital ID) waliin hojiin wal-qabsiisuu hojii odeeffannoo dijitaala gochuu (digitize) biyyoolessatti jalqabame ni saffisiisa jedhaniiru. Kanaanis, Odeeffannoo guddisuun Siivil Sarvaantii tajaajila kennu cimsuuf xiyyeeffannoo kennamuusaa ibsaniiru. Marii kanarratti kan argaman Hogganaan Biiroo Siivil Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa Naannoo Afaar obbo Mahaammad Ahimad gama isaaniitiin, siivil sarviisii dijitaalaawaa dhugoomsuuf hojiin hojjetamaa jiru jajjabeeffamuu qabu jedhaniiru. Sirna qabannaa odeeffannoo fooyyessuun tajaajila saffisaa kennuuf gumaacha olaanaa godhachaa akka jiru dabalanii dubbataniiru. Marii kanarratti Daayireektaroonni Qabeenya Namaa Naannoo Afaar, kan Zoonii fi Aanaa hirmaachaa jiru.
Itiyoophiyaa fi Ejensii Walta'iinsa Idil-Addunyaa Japaan (JICA) hariirooa isaanii caalaatti ni cimsu
Apr 20, 2026 315
Ebla12/2018(ENA)፦ Itiyoophiyaa fi Ejansii Walta'iinsa Idil-addunyaa Japaan (JICA) tumsa Misoomaasaanii caalaatti akka cimsan beeksisan. Jilli Itiyoophiyaa Ministeera Maallaqaa Ahmed Shideen durfamu, walgahii yeroo Birraa kan Dhaabbata Maallaqaa Addunyaa (IMF) fi Baankii Addunyaa bara 2026,gaggeeffamu cinaatti Itti Aanaa Pireezidaantii Ejansii Walta'iinsa Idil-addunyaa Japaan (JICA) Na’ookii Aandoo waliin mari'ateera. Ministir Ahmed Shidee, Itiyoophiyaan Japaanii fi Ejansii Walta'iinsa Idil-addunyaa Japaan (JICA) waliin walta'iinsa waggoota dheeraaf qabdu dinqisiifachuun ibsaniiru. Keessattuu, damee bu'uuraalee Misoomaa, Qonnaa, Fayyaa, Barnootaa, Maallaqaa, Teekinikaa fi ijaarsa dandeettii irratti deeggarsa Ejansichi taasisaa jiruuf galateeffataniiru. Ministir Ahimed Shidee Itti Aanaa Pireezidaantichaaf Riifoormii dinagdee Itiyoophiyaa ilaalchisee ibsa kennaniiru. Ejensiin Walta’insa Idil-Addunyaa(JICA)damee Aviyeeshinii (Xiyyaaraa), Misooma Anniisaa fi bu'uuraalee Misoomaa Daandii irratti gargaarsa taasisu akka cimsu Odeeffannoo ENAn Ministeera Maallaqaarraa argate mul’isa. Itiyoophiyaan qophiii yaa'ii KOP 32 (COP32) taasisaa jirtu irrattis kan mari'atan yoo ta'u, JICA karoora cimaa jijjiirama qilleensaa fi misooma magariisa irratti akka hirmaattu waamicha dhiyeessaniiru.
Itiyoophiyaa fi gamtaan Awurooppaa tumsa tarsiimawaa ni cimsu
Apr 20, 2026 339
Ebla 12/2018 (ENA)- Itiyoophiyaa fi gamtaan Awurooppaa tumsa tarsiimawaa akka cimsan ibsan. Jilli ministira maallaqaa Ahimad Shideen durfamu walgahii baatii birraa dhaabbata maallaqaa addunyaa fi baankii addunyaa bara 2026 Waashiingitan Diisiitti gaggeeffamu cinaatti komishinarii tumsa idil addunyaa gamtaa Awurooppaa Jooseef Siikelaa waliin marii gamlamee gaggeesseera. Mariin kun tumsa tarsiimawaa Itiyoophiyaa fi gamtaa Awurooppaa jidduu jiru sadarkaa olaanaatti guddisuuf kan xiyyeeffate ta’un ibsameera. Tumsa dinagdee qaamolee lamaan jidduu jiru guddisuurratti kan xiyyeeffate akka tures odeeffannoon ENA’n ministeera maallaqaarraa argate ni mul’isa. Fooyyessa dinagdee Itiyoophiyaa deeggaruuf, dirree invastimantii caalaatti fooyyessuuf, hojiilee jijjiirama haala qilleensaa damdamachuu dandeessisanii fi galmoota guddina dinagdee fulla’aa irratti tumsaan hojjechuuf kallattiin kaa’amuu ibsameera. Itiyoophiyaa fi gamtaan Awurooppaa fayyadama waloo mirkaneessuu karaa danda’amuun tumsa cimsuuf kutannoosaanii mirkaneessuunsaanii himameera.
Manni Murtii Olaanaa Godinichaa Qabinsa ragaa fi kenna tajaajilaa Ammayyeessuun itti quufinsa maamilaa guddisaa jira
Apr 20, 2026 388
Ebla 12/2018 (ENA)- Manni Murtii Olaanaan Godina Jimmaa qabinsa ragaa fi kenninsa tajaajilaa ammayyeessuun itti quufinsa maamilaa gudidsaa jiraachuun ibsame. Dhaabbilee Mootummaa " Dijitaala Itiyoophiyaa " hojiirra oolchaa jiran keessaa dhaabbileen haqaa adda durummaan eeramu. Haaluma kanaan, Manni Murtii Olaanaa Godina Jimmaa hoj-maata qabinsa odeeffannoo fi kenniinsa tajaajilaa ammayyeessuudhaan, tajaajilamtoonni bakka jiran ta’anii viidiyoo konfiraansiin dhaddacha akka hordofan taasisaa jira. Dhimma kana ilaalchisee, ENA’n tajaajilamtoota Mana Murtii Olaanaa Godina Jimmaa fi Pirezidaantii Mana Murtichaa dubbiseera. Tajaajilamtoota mana murtichaa keessaa jiraataan Godina Jimmaa, Aanaa Maannaa obbo Jawaar Abbaarayyaa, adeemsa haqaa hordofuuf viidiyoo konfiraansii fi hoj-maanni dijitaala hojiirra ooluun isaanii, haqaa argachuuf gara Mana Murtii Olaanaa Godina Jimmaa deemuuf baasii baasaa turan akka isaaniif hambise dubbataniiru. Jiraataan Aanaa Nadhii Gibee obbo Misbaah Sheek Iimaam gama isaaniitiin, akka jedhanitti, tajaajilli Dijitaalaa Mana Murtichaa hojii idilee isaanii irraa adda osoo hin bahiin, bakka jiran ta’anii haqa si’ataa akka argatan isaan dandeessisuu ibsaniiru. Tajaajilli dijitaalaa mana murtichaa odeeffannoo yeroo gabaabaa keessatti argachuuf kan gargaaruu fi hojii kan salphisu ta’uu Ogeettii seeraa fi Abukaattoo kan ta’an Taadalech Dhibaayuu ibsaniiru. Tajaajilli haqaa dijitaala ta’uun isaa tajaajilamaafis ta’e ogeeyyota seeraaf furmaata kenneera jedhaniiru. Rakkoolee Aanaatti furamuu hin dandeenyeef tajaajilamtoonni gara Magaalaa Jimmaa dhufuu hin qaban jechuun Abbaan seeraa Mana Murtii Olaanaa Godina Jimmaa, Taajuu Sharif ibsaniiru. Hoj-maanni ammayyaa kun tajaajilamtoonni iyyannoo isaanii ‘'e-faayiliin' (e-file) ergatanii, bakka jiran ta’anii falmachuu ykn dhimma isaanii hordofuu akka danda’an carraa bal’iseera jedhaniiru. Tajaajilli kun waraqaa malee kennamuunsaa, tajaajilicha ariifachiisuu bira darbee, Iftoomina Odeeffannoo uumuuf gargaaruusaa eeraniiru. Pirezidaantiin Mana Murtii Olaanaa Godina Jimmaa, obbo Toofiq Shamsuu gama isaaniitiin, Godinichi kenniinsa tajaajila haqaa ammayyeessuu fi gahuumsa isaa dhugoomsuuf appilikeeshinoota garaagaraa hojiirra oolchuusaa ibsaniiru. Dhaddachi viidiyoo konfiraansii qulqullina qabuun gaggeeffamaa jiraachuusaa eeranii, himataaf, ol-iyyannoo fi tajaajiloota kana fakkaataniif gara Mana Murtii Olaanaatti dhufuu osoo hin barbaachisiin, Aanaa fi kilaastara gandaa taa’anii hordofuu akka qaban dubbataniiru. Dabalataanis, Godinichatti Aanaalee 19 keessatti, Waajjira Abbaa Alangaa fi Mana Murtii gidduutti tuttuqaa waraqaa malee, karaa dijitaalaan waljijjiirraa odeeffannoo saffisaa taasifamaa jira jedhaniiru. Fuuldurattis tajaajiloota sirna haqaa saffisiisan Aanaalee hunda keessatti babal'isuudhaan, " Dijitaala Itiyoophiyaa " dhugoomsuuf hojjetamaa jiraachuusaa ibsaniiru.
Riifoormiin fooyyessa dinagdee gooroo guutuun damee dhuunfaa cimsuudhaan invastimantii idil addunyaa hawachuu danda’eera
Apr 20, 2026 206
Ebla 12/2018 (ENA)- Riifoormiin fooyyessa dinagdee gooroo guutuun sharafni alaa gabaadhaan akka murtaa’u gochuunii fi hirmaannaa invastimantii damee dhuunfaa guddisuudhaan bu’aa qabatamaa galmeessisiisuusaa de’eetaan ministira maallaqaa Samariitaa Sawaasawu ibsan. Foramiin biizinasii gamtaa Awurooppaa fi Itiyoophiyaa mata duree “gabaa addunyaa keessa seenuuf dandeettii jirutti gargaaramuu” jedhuun Finfinneetti gaggeeffamaa jira. De’eetaan ministira maallaqaa Samariitaa Sawaasawu wayita kana akka jedhanitti, waggoottan darban Itiyoophiyaan riifoormii hunda galeessa guddina fulla’aa galmeessisuu dandeessisu taasifteetti. Itiyoophiyaan riifoormii hammataa fi hunda galeessa gochuun humna guutuu qabdu fayyadamuu kan dandeessisu jijjiirama fidaa akka jirtu ibsaniiru. Foramiin biizinasii Itiyoophiyaa fi gamtaa Awurooppaa Itiyoophiyaan dandeettii qabdu baasuuf, tumsa uumuuf, filmaata gabaa sonuuf murteessaa ta’uu dubbataniiru. Riifoormiin fooyyessa dinagdee gooroo guutuun damee dhuunfaa cimsuudhaan invastimantii idil addunyaa hawachuu danda’uusaa ibsaniiru. Riifoormiin booda kuusaan sharafa alaa dabaleera, qaala’insi gatii hir’ateera, baay’inni sharafaa daldala alaarraa argamu baay’ee guddateera jedhaniiru. Bara bajataa kana dinagdeen Itiyoophiyaa dhibbantaa 9 tuqaa 2 akka guddatu dhaabbanni daldalaa idil addunyaa raaguusaa eeraniiru. Mootummaan hirmaannaa fi gabaa dijitaalaa damee dhuunfaa cimsuuf sirna kaffaltii fi tajaajila dijitaalaa ammayyeessuusaa dubbataniiru. Gamtaan Awurooppaa fi biyyoonni miseensaa Itiyoophiyaa keessatti invasti gochuu akka danda’an ibsanii, mootummaan Itiyoophiyaa invastarootaaf deeggarsa barbaachisu gochuuf qophiidha jedhaniiru. Komishinariin tumsa idil addunyaa gamtaa Awurooppaa Joozeef Sikalaa, Itiyoophiyaan gamtaa Afriikaa kan hundeessite, biyya bunni irraa argame invastimantiif kan mijatte biyya seena qabeettii ta’uushee ibsaniiru. Itiyoophiyaan tarkaanfiiwwan imaammataa daldalaa fi invastimantii cimsan fudhachuudhaan eessa gahuu akka dandeessu ifatti mul’ifteetti jedhaniiru. Gamtaan Awurooppaa bu’ura misoomaa fi bu’ura misoomaa dijitaalaa sadarkaasaanii eeggatan barbaada kan jedhan komishinarichi, gamtichi deeggarsa ijaarsa bu’ura misoomaa baadiyyaaf taasisu ciminaan akka itti fufu ibsaniiru. Foramiin biizinasii gamtaa Awurooppaa fi Itiyoophiyaa kun dhaabbilee daldalaa jidduutti akkasumas mootummaa fi dhaabbilee daldalaa jidduutti marii bu’a qabeessa gochuuf ni gargaara jedhaniiru. Barreessaan olaanaa riijinii daldala bilisaa Ardii Afriikaa Wamkellee Meenee, kaampaaniiwwan Awurooppaa kuma afur caalan Ardii Afriikaa keessatti hirmaachuudhaan addunyaarraa adda duree ta’uusaanii ibsaniiru. Mootummaan Itiyoophiyaa riifoormii maqaa qabu gochuun biyyatti Afriikaarraa biyya dinagdee guddaa qabdu idhee taasiseera jedhaniiru. Haala Kanaan daldallii fi Invastimantiin Itiyoophiyaa keessatti qofa osoo hin ta’iin ummata Afriikaa biiliyoona tokko tuqaa afur caaluuf haala qabaa nama dadammaqsu uumuusaa ibsaniiru.
Siyaasa
Naannoo Oromiyaatti kenna tajaajilaa foyyeesuuf hojii hojjetameen bu’aan qabatamaan argamaa jira
Apr 17, 2026 5378
Eebila 09/2018 (ENA): Naanoo Oromiyaatti kenninsa tajaajilaa fooyyessuuf hojii hojjetameen bu’aa qabatamaan argamaa jiraachuu Itti Aanaan Pirezidaantii Naannichaa Obbo Awwaluu Abdii ibsan. Itti Aanaan Pirezidaantichaa raawwii karoora ji’oota saglanii ilaalchisuun ibsa kennaniiru. Ibsa kennaniin bara baajitichaa baatiiwwan saglan darbanitti dameelee hedduun hojiileen misoomaa bu’aa qabeessa ta’an raawwatamuusaanii ibsaniiru. Keessattuu, tajaajila kenniinsaa fooyyessuuf hojiileen hojjataman rakkoolee bulchiinsa gaarii hir’isuun bu’aa qabatamaa argamsiisaa akka jiru ibsaniiru. Rakkoolee bulchiinsa gaarii furuuf magaaloota shan keessatti sadarkaa qorannootti kan jalqabame kenniinsi tajaajila giddugala tokkoo (Masoob) milkaa’ina argamsiisuu isaa hordofee, muuxannoo kana babal’isuuf hojiin hojjatamaa akka jiru ibsaniiru. Akka Itti Aanaan Pirezidaantichaa ibsanitti, sadarkaa lammaffaatti kenniinsa tajaajila giddugala tokkoo kana magaaloota 26tti babal’isuun kan danda’ame yoo ta’u, isaan keessaa muraasni tajaajila kennuu jalqabaniiru. Sadarkaa sadaffaattis Magaaloota 60 keessatti jalqabuuf sochiin eegalamuu eeraniiru. Obbo Awwaluun, lammiileen kenniinsa tajaajila giddugala tokkoo 'Masob' argatan dhibbantaa 97 ol itti quufinsa qabaachuusaanii ibsanii, hojiin fakkeenya ta’u kun babal’atee ummanni tajaajila barbaadu akka argatuuf kutannoon hojjatamaa akka jiru ibsaniiru. Hojiin kun milkaa’ina akka argatuuf teeknoolojii, humna namaa, iddoo hojii fi haala hojiif mijaatu uumuun hojiileen bal’aan raawwatamaa jiru jedhaniiru. Hoggansi gara ummataatti dhihaatee akka tajaajiluuf, guyyoota tajaajilaa adda baasuu qofa osoo hin taane, aanaalee fi gandaatti riifoormii gaggeeffameen hawaasni tajaajila barbaadu akka dhiheenyaatti argatuuf mijeessuun danda’ameera. Tajaajila kenniinsa saffisaafi bu’a qabeessa taasisuuf, hojjettoota rakkoo bulchiinsa gaarii uuman irratti tarkaanfiileen sirreeffamaa gara garaa fudhatamuu isaa himaniiru. Gama biraatiin, Naannichatti Ji’oota Saglanii darban keessatti qarshii biliyoona 237 ol galiin walitti qabamuu ibsuun, fuuldurattis galii naannichaa guddisuuf kaffaltoota gibiraaf hubannoo uumuu fi maddoota galii qorachuun cimee itti fufa jedhaniiru. Haaluma wal-fakkaatuun, naannichatti bara baajataa kana keessatti piroojektoota misoomaa garagaraa kuma 28 fi 800 ol ijaaramaa akka jiran kan ibsan yoo ta’u, piroojektoota kana keessaa kuma 21 ol kan ta’an yeroo dhiyootti tajaajila ummataaf banaa akka ta’an ibsaniiru.
Sagantaan Misooma humna namaa Ministeera Dhimma Alaa milkaa'ina dippiloomaasii Itiyoophiyaaf boqonnaa haaraa bana
Apr 15, 2026 5993
Eebila 07/2018 (ENA) : Sagantaan Misooma Humna Namaa Ministeera Dhimma Alaa milkaa'ina dippilomaasii Itiyoophiyaaf boqonnaa haaraa akka banu Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dr. Geediyoon Ximootewoos ibsan. Ministeerri Dhimma Alaa, haala naannawaa fi addunyaa jijjiiramaa jiruu waliin tarkaanfachuuf, dippiloomaatonni beekumsaa fi dandeettii gahaa akka qabaatan gochuuf Sagantaa Misooma Humna namaa qophaa'e ifoomseera. Sagantichi dippiloomaatonni beekumsaa fi dandeettii yeroon gaafatu hidhatanii faayidaa biyyaa kabachiisuu akka danda'an gochuuf kan karoorfamedha. Ministirri Ministeera Dhimma Alaa Dr. Geediyoon Ximooteyoos sirnicharratti akka dubbatanitti, dhaabbaticha sadarkaa olaanaatti ammayyeessuuf tarsiimoon ijaarsa dhaabbataa waggaa sadii qophaa'ee hojiirra ooleera jedhani. Tarsiimoon kallattii hojii kana keessatti hammataman hedduun raawwatamaa akka jiran kan eeran yoo ta’u, keessattuu dhaabbaticha ammayyeessuu fi naannoo hojii mijataa uumuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Hojiiwwan rifoormii hunda galeessa ta’an kunniin diippilomaatonnii fi hojjettoonni Ministeerichaa Leenjii Ogeessummaa akka argatan, Sirna Barnoota Inistiitiyuutii Hariiroo Alaa (IFA) sakatta'uu, seera amalaa fi naamuusaa haaraa qopheessuu fi Barnoota Digirii 2ffaa fi 3ffaa mijeessuu of keessatti qabata.
Walloon Lafa fakkeenya jaalalaa fi obbolummaati-Itti aanaa Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa
Apr 15, 2026 4396
Eebila 7/2018(ENA) : Walloon lafa fakkeenya jaalalaa fi obbolummaati jedhan itti aanan ministira muummee obbo Tamsgeen Xurunaa. Itti aanaan ministira muummee obbo Tamasgeen Xurunaa hojiif Walloo dhaqaniiru. Arjummaan kee kan hin dhumne; gara laafummaa hin quufamne; simannaa ho’aa nuuf taasifameef hedduu na gammachiiseera jedhan ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin. Buufata Xiyyaaraa Walloo Kombolchaa wayita geenyu arhiibuu jechuun simannaa ho’aa nuuf taasifameef, bulchaa olaanaa Mootummaa Naannoo Amaaraa, hoggantoota naannoo, abbootii amantaa, jaarsolii fi ummata Walloof galata guddaan galcha jedhaniiru. #Ena Afaan Oromoo #ENA
Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Ministira Dhimma Alaa Poorchugaal Paawuloo Raangal waliin mari'atan
Apr 14, 2026 5223
Eebila 6/2018 (ENA ): Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Ministira Dhimma Alaa Poorchugaal Paawuloo Raangal waliin mari'ataniiru. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad (Dr.) ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaanii irratti dabarsaniin, Ministira Dhimma Alaa Poorchugaal waliin gama ijoo hariiroo biyyoota lamaanii fi tumsa dabalataa irratti mari’achuu isaanii ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #ENA
Itiyoophiyaa fi Laayibeeriyaan Tumsa Loltummaa Industirii fi Teeknooloojii Guddisuuf Waliigalaniiru
Apr 14, 2026 3514
Eebila 6/2018 (ENA): Itiyoophiyaa fi Laayibeeriyaan tumsa Loltummaa industirii fi teeknooloojii isaanii guddisuuf waliigalaniiru. Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa injiinar Aayishaa Mahaammad Ministira Raayyaa Ittisa Biyyaa Laayibeeriyaa Birgaadeer Jeneraal Jeeraaldiin Jaaneet Joorji waliin Finfinneetti mari'ataniiru. Walgahichaan dhimmoota tarsiimoo tumsa loltumaa biyyoota lamaanii sadarkaa itti aanutti ceesisuu danda’anirrattis mari’ataniiru. Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa Injiinar Aayishaa akka himanitti,Itiyoophiyaa fi Laayibeeriyaan mallattoo bilisummaa Afrikaa ta’uu yaadachiisuun, walitti dhufeenyi seenaa kun tumsa loltummaa amma jiruuf bu’uura cimaa akka ta’u dubbatani. Itiyoophiyaan gama industirii loltummaa fi ijaarsa dandeettii irratti waliin hojjechuuf qophii ta’uu mirkaneessaniiru. Birgaadeer Jeneraal Jeeraaldiin Jaaneet Joorji gama isaaniitiin, Itiyoophiyaan saayinsii loltummaa fi ijaarsa ittisa ammayyaa irratti, nageenya idil addunyaa eegsisuu dabalatee, muuxannoo barumsaa guddaa Laayibeeriyaaf ta’uu ibsaniiru. Laayibeeriyaan Raayyaa Ittisa Itiyoophiyaa irraa muuxannoo bal’aa argachuuf fedhii guddaa akka qabdus ibsaniiru. Keessattuu gama leenjii fi tumsa teeknikaatiin tumsa loltummaa biyyoota lamaanii daran guddisuuf akka hojjetan odeeffannoon onlayin Miidiyaa Raayyaa Ittisa biyyaa ENA’f erge ni mul’isa. #Ena Afaan Oromoo #ENA
Jiraattonni magaalaa Harar filannoo waliigalaa 7ffaa irratti kaardii galmee filattootaa fudhachuun sagalee isaanii kennuuf qophaa’aniiru
Apr 13, 2026 4701
Eebila 05/2018 (ENA): Jiraattonni magaalaa Harar filannoo waliigalaa 7ffaa irratti kaardii galmee filattootaa fudhachuun sagalee keenya kennuuf dursinee qophoofneerra jedhan. Akka sagantaa Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa kaa’een Bitootessa 28, 2018 irraa eegalee tokkoon tokkoon buufata filannootti galmeen filattootaa gaggeeffamaa jira. Jiraattonni naannoo Harar yeroo ammaa kaardii galmee filattootaa filannoo kana irratti akka hirmaatan isaan dandeessisu fudhachuu himaniiru. Jiraattota magaalattii keessaa tokko kan ta’an aadde Firehiwot Abbaynaa turtii ENA Waliin taasisaniin, filannoo biyyaalessaa afran darban irratti hirmaachuudhaan paartii fayyada jedhaniin sagalee kennuu isaanii yaadataniiru. Filannoo waliigalaa ji’a Caamsaa dhufu irratti hirmaachuuf qophaa’aa akka jiran ibsuun, Kanaafis kaardii filannoo fudhannee dhaaba guddina biyyaatiif ni hojjeta jedhanii amananiif sagalee isaanii kennuuf qophaa’uu himani. Filannoo waliigalaa 7ffaa irratti hirmaachuuf kaardii filannoo fudhannee mirga lammummaa fi heera mootummaatii nuuf kenname itti fayyadamuun qophoofneerra kan jedhan immoo jiraataa magaalattii obbo Habtaamuu Siifaa dha. Paartiileen morkattootaa yaada isaanii karaalee miidiyaa ibsachaa waan jiraniif paartii nuuf ta’a jennu filachuuf qophoofneerra jedhani. Filannoon kun nagaa fi dimokiraatawaa akka ta’uuf namuu gahee isaa bahuu akka qabus dubbataniiru. Kaardii paartii filannoo irratti dammaqinaan hirmaachuu barbaannu filachuuf nu dandeessisu fudhannee jirra kan jedhan Ajabaa Adam, paartii nuuf mijatu filachuuf qophoofneerra jedhnai. Kunis karaa nagaa fi dimokiraasiin akka gaggeeffamuuf gahee keenya ni baana jedhaiiru. #Ena Afaan Oromoo #ENA
Pirojektoonni misoomaa eegalaman akka milkaa'an gargaaruu fi rakkoolee mariidhaan hiikuuf ga'ee keenya ni baana - Jiraattota Dirree Dhawaa
Apr 10, 2026 8372
Eebila 2/2018 (ENA): Pirojektoonni misoomaa eegalaman akka milkaa’an gargaaruu fi rakkoolee mudatan mariidhaan furuuf ga’ee keenya ni baana jedhan jiraattonni magaalaa Dirree Dhawaa ENA waliin turti taasisan. Pirojektoonni misoomaa kallattii hedduun waggoota jijjiiramaa keessa Dirree Dhawaatti hojjetaman, bu’aa qabatamaa akka argamsiisan karaa hedduudhaan mirkaneessuun ni danda’ama jedhani. Ummanni Dirree Dhawaa hojiiwwan misoomaa bara mootummaa jijjiiramaa waliin dhufe deegaruun hiriira bahuun agarsiiseera. Pirojektoonni misoomaa murteessoo ta’an egeree Itiyoophiyaa murteessan hojjetamaa akka jiran ibsuun, isaan xumuruuf tumsi, deeggarsaafi gargaarsi hundaa akka barbaachisu ibsaniiru. Kanaaf pirojektoonni misoomaa jijjirama kanaan eegalaman akka milkaa’anii fi rakkoolee jiran mariidhaan furuuf ga’ee keenya ni baana jedhan jiraattonni magaalaa Dirree Dhawaa ENA’n waliin turtii taasisan. Namoota yaada kennan keessaa Abbaa Gadaa Afran Qalloo kan ta’an Abdurrazaaq Ahimadii fi hogganaa aadaa hawaasa Somaalee Haajii Abdoo Umar Isaa, Itiyoophiyaa keessa rakkoolee kanaan dura turan hedduun akka jiran eeruun,rakkoolee kanneenimmoo waaraan furuuf mariin barbaachisaa ta’uu himani. Adeemsi marii biyyoolessaa akka milkaa’uuf waliin hojjechuu qabna jedhaniiru. Yaada kennitoonni biroo, obbo Akiliilee Taaxaq fi obbo Abdoo Muummee, bu’aawwan jijjiramichaa itti fufiinsa akka qabaatu gochuuf tokkummaa biyyaalessaa cimsuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. Rakkoolee biyyoolessaa jaarraa hedduuf turan turan mariidhaan hiikuun biyya dhalootaaf mijattu ijaaruun ni danda’ama jedhu irratti Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa hojjachaa akka jiru beekamaadha.
Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Pireesidaantii Buruundii Evaristi Nidayaashimiyee gaggeessani
Apr 10, 2026 5816
Eebila 2/2018(ENA) : Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Pireezidaantii Buruundii Evaristi Nidayaashimiyee daawwannaa hojii dhufanii turan gaggeessaniiru. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad, Evaristi Nidayaashimiyee dawwannaa guyyoota lamaaf taasisaniin booda buufata xiyyaaraa idil addunyaa Booleetti argamuun gaggeessaniiru jechuun Waajjirri Ministira Muummee ibseera. #PMOItoophiyaa

Hawaasummaa
Ejensichi gamaggama baatii sagalii gaggeesseen Al-Seerummaa damicharratti mul’atu ittisuuf akka hojjetu beeksise
Apr 20, 2026 136
Ebla 12/2018 (ENA)-Ejensiin Geejiba Oromiyaa Gamaggama Raawwii hojii batii sagalii gaggeesseen Al-Seerummaa sektaricha irratti mul’atu furuu fi nageenya Tirafikaa Mirkaneessuuf xiyyeeffannoon akka hojjetu beeksiseera. Ejensichi gamaaggama hojii Ebla 10 irraa eegalee guyyaa lamaaf geggeesseen tajaajilli Geejjibaa rakkoo akka qabu adda baasuun haala kenna tajaajilaa fooyyessuun danda'amu irratti marii’achuun kallattii kaa’eera. Gamaaggama gaggeeffameen rakkoo kenna tajaajilaa Geejibaan buufata konkoklaataa keessatti mul’atu sirreessuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu Hogganaan Ejensii Geejjiba Oromiyaa Obbo Kamaal Maammee ibsaniiru. Gamaggamichaan kenna tajaajila Geejibaan wal qabatee buufata konkolaataa keessatti Al-seerummaan kana akka Taarifaan ol kaffalchiisuu, darbaa fe'uu, konkolaataa sarara bobbii irratti hin argamne, baashaarii ykn Jokkaa buufataa fi naannoo buufataa jiran, motorota seera maleeyyii fi kanneen biroon akka mul’atu ibsaniiru. Rakkoo fi komii tajaajila Geejjibaa keessa jiru furuun itti quufiinsa ummataa dabaluun Amantaa ummanni Mootummaa irratti qabu guddisuuf ni hojjetama jedhaniiru. Rakkoolee Tajaajila Geejjibaan adda baafaman hanbisuuf guutummaatti teekinooloojiin deggeruunii fi Al-naamuusummaa sektaricha keessaa dhabamsiisuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu himaniiru. Ejensii Geejjiba Oromiyaarraa( EGO) irraa
Ayyaanni Shuwaalid hambaa addunyaatti galmaa’uunsaa tuuristiin akka dabalu qooda olaanaa qaba
Apr 19, 2026 1254
Ebla 11/2018 (ENA)- Ayyaanni Shuwaalid hambaa kiliyyaa addunyaatti galmaa’uunsaa tuuristiin akka dabalu qooda olaanaa qaba jechuun ibsan bulchaan naannoo Hararii Ordiin Badrii ibsan. Sablammiin Hararii wagga waggaan kan kabaju ayyaanni aadaa Shuwaalid magaalaa Finfinneetti kabajameera. Bulchaan naannichaa Ordiin Badrii wayita kana akka jedhanitti, ayyaanni Shuwaalid duudhaa hawaasummaa keenya gabbisuudhaan tokkummaan caalaatti akka gabbatu gochuun gamatti qabeenyota turizimii naannoo Harariitti argaman beeksisuudhaan fayyadama dinagdee damee garagaraa mirkaneessuuf ni gargaara. Shuwaalid keessumaa dameen turizimii naannichaa akkasumas biyyattii akka guddatu gama gochuutiin faayidaa olaanaa akka qabu eeraniiru. Naannichi humna gama tuurizimiin jirutti fayyadamuun fayyadama ummataa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon hojjechaa akka jiru beeksisaniiru. Walgahii baatii Sadaasaa bara 2016 Botswaanaatti gaggeeffameen Yuneskoo’n kabaja ayyaana Shuwaalid hambaa kiliyyaatti galmeessuunsaa niyaadatama.
Miidiyaaleem dhaabbile amantaa seera Itiyoophiyaa ittiin hundeeffaman kabajuu qabu-Mu’aaze Xibabaat Daaqon Daani’eel Kibrat
Apr 18, 2026 2471
Ebla 10/2018 (ENA)- Miidiyaaleen dhaabbile amantaa seera Itiyoophiyaa ittiin hundeeffaman kabajuu akka qaban ministirri gorsaa dhimmoota hawaasummaa ministira muummee Mu’aaze Xibabaat Daaqon Daani’eel Kibrat ibsan. Abbaan taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa bu’aa tamsaasa qabiyyee hordoffii fi qorannoo miidiyaalee dhaabbilee amantaa irratti gochaa ture ilaalchisuun sagantaa qopheesseera. Sagantaa Mata duree “miidiyaaleen dhaabbilee amantaa nageenyaa fi waloomaaf” jedhuun qophaa’erratti bakka bu’oota miidiyaalee dhaabbilee amantaa garagaraa waliin marii gaggeeffameera. Abbaan taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa ittigaafatama lakk. Labsii miidiyaalee 1238/2013, kennameefiin qabiyyee hojiilee miidiyaalee dhaabbilee amantaa hordofuu fi qorachuun tsrkaanfii sirreeffamaa ni fudhata. Ministirri gorsaa dhimmoota hawaasummaa ministira muummee Mu’aaze Xibabaat Daaqon Daani’eel Kibrat wayita kana akka jedhanitti, miidiyaaleen dhaabbilee amantaa irra caalaan qabiyyee amantaa qajeelfamarratti hundaa’e ni hojjetu. Garuummoo miidiyaalee amantaa hojii gaarii hojjetan keessaa kaayyoo faallaa kan qaban xiqqaan hojii gaarii kanneen biroo ni balleessa jedhaniiru. Miidiyaaleen amantaa seera Itiyoophyaan kan hundaa’an ta’uu ibsanii, seera Itiyoophiyaa kabajuuf dirqama qabu jedhaniiru. Dhaabbileen amantaa daangaa kan cehan ta’uu eeruun, haa ta’u malee biyyi daangaa fi birmadummaa akka qabdu ibsaniiru. Namoonni amantaa wal fakkaataa hordofan Itiyoophiyaa keessaa fi ala jiran kan gaafataman seera biyyasaaniin qofa ta’uu dubbataniiru. Miidiyaaleen dhaabbilee amantaa akka hundeeffamu kan gaafatame amantaa barsiisuuf nuuf haa eyyamamu jechuun akka ta’e ibsanii, kaayyoo hundeeffamaniif ala hojjechuun seera cabsuudha jedhaniiru. Kanaaf ammas seerri nuuf haa fooyya’u jedhanii gaafachuudha malee seeraan ala hojjechuun sirrii akka hin taane ibsaniiru. Miidiyaaleen amantaa ummata waloo fi duudhaan akka gabbatu qoodasaanii yemmuu bahatan rakkoolee biroollee akka furan dubbataniiru. Miidiyaaleen dhaabbilee amantaa gamtaa waloo uumuun gaaffii qindaa’e gaafachuu akka danda’an ibsanii, gamtaan kun akka hundeeffamu moorummaan deeggarsa barbaachisu ni taasisa jedhaniiru. Ministirri nageenyaa Mahaammad Idriis gamasaaniin, Itiyoophiyaa biyya taatee akka itti fuftu qoodni dhaabbilee amantaa olaanaa ta’uu kaasaniiru. Akkaataa heera mootummaa irratti tumameen amantaan dhimma mootummaa keessa mootummaan dhimma amantaa keessa akka hingalle ibsanii, birmadummaa kana cimsuuf itti gaafatamummaa fudhatanii hojjechuu qabu jedhaniiru. Miidiyaaleen amantaa Itiyoophiyaa jiraachuunsaanii eebba guddaada kan jedhan ministirichi, walooma ummataa fi ijaarsa nageenyaaf qooda olaanaa akka qabu ibsaniiru. Mmiidiyaaleen amantaa eebba waloomaa ta’anii osoo jiranii dogoggorri uuman funyoo waloomaa bara baraan jiraate addaan kuta jedhaniiru. Kanaaf mootummaan nageenyaa fi tasgabbii lammiilee eegsisuuf itti gaafatama waan qabuuf daandiirraa yoo maqan seera akka kabachiisu ibsaniiru. De’eetaan ministiraa tajaajila komunikeeshinii mootummaa Tasfaahun Goobazaayi akka ibsanitti, miidiyaaleen amantaa, amantaan gamatti duuhaalee hawaasummaa hawaasichaa calaqqisiisuu qabu. Dhaabbileen amantaa hundi nageenya, tasgabbii fi eenyummaa Itiyoophiyaarratti garaagarummaa qabaachuu akka hin qabne ibsaniiru. Amantaaleen hundi wal danda’uu akka lallaban ibsanii, dhimmoota ijaarsa duudhaa hawaasaa waliin wal qabatan irratti hojjechuu qabu jedhaniiru.
Gaamootti lammiilee sababa balaa uumamaan buqqa’aniif gargaarsi namoomaa Birrii miiliyoona 2tti tilmaamamu taasifame
Apr 18, 2026 1676
Ebla 10/2018 (ENA): Namoota godina Gaamootti balaa uumamaatiin buqqa’aniif gargaarsi namoomaa Birrii miiliyoona 2tti tilmaamamu taasifameera. Gargaarsi namoomaa kun har’a Tajaajila Inshuraansii Fayyaa Itiyoophiyaa fi Kutaan Gurmaa’ina Mana Barumsa Sanbataa Waldaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaa, akkasumas qindoomina Waajjira Qindeessaa Waldaa Misooma Waloo fi barsiisa wangeelaa Afaan Gaamoo waliin ta’uun kan kennamedha. Daarektarri Olaanaan Tajaajila Inshuraansii Fayyaa Itiyoophiyaa obbo Tasfaayee Warquu walharkaa fuudhinsa deeggarsa kanarratti akka himanitti, Itiyoophiyaanonni aadaa walgargaaruu guddifate qabu jedhani. Dhaabbatichi dameelee 24 qindeessuun Bulchiinsa godina Gaamootiif deeggarsa nyaataa fi meeshaa Birrii miiliyoona 1 olitti tilmaamamu geesseera. Namoota balaa kanaan buqqa’an deebisanii dhaabuun lammiilee Itiyoophiyaa hundarraa eegama waan ta’eef deeggarsi har’a eegale cimee itti fufa jedhan. Haaluma walfakkaatuun Waldaa Ortodoksii Tawaahidoo Itiyoophiyaa Kutaan Gurmaa'ina Mana Barumsa Dilbataa, Misooma Waloo Waldoota Gaamoo fi Waajjirri Qindeessaa barsiisa macaafa qulqulluu Afaan Gaamoo waliin ta'uun deeggarsa namoomaa Birrii miiliyoona 1tti tilmaamamu taasisaniiru. Gargaarsi kun uffata qorraa, uffata ga’eessotaa fi daa’immanii, kophee fi meeshaalee biroo akka ta’e ibsameera. Bakka bu’aan qindeessaa gargaarsaa obbo Xugaamoo Yaalsoo dhimmiin lammiifi waan ta’eef nutis buqqaatota gargaaruuf gahee keenya ni baana jedhan. #Ena Afaan Oromoo #ENA
Diinagdee
Itiyoophiyaa fi Ejensii Walta'iinsa Idil-Addunyaa Japaan (JICA) hariirooa isaanii caalaatti ni cimsu
Apr 20, 2026 315
Ebla12/2018(ENA)፦ Itiyoophiyaa fi Ejansii Walta'iinsa Idil-addunyaa Japaan (JICA) tumsa Misoomaasaanii caalaatti akka cimsan beeksisan. Jilli Itiyoophiyaa Ministeera Maallaqaa Ahmed Shideen durfamu, walgahii yeroo Birraa kan Dhaabbata Maallaqaa Addunyaa (IMF) fi Baankii Addunyaa bara 2026,gaggeeffamu cinaatti Itti Aanaa Pireezidaantii Ejansii Walta'iinsa Idil-addunyaa Japaan (JICA) Na’ookii Aandoo waliin mari'ateera. Ministir Ahmed Shidee, Itiyoophiyaan Japaanii fi Ejansii Walta'iinsa Idil-addunyaa Japaan (JICA) waliin walta'iinsa waggoota dheeraaf qabdu dinqisiifachuun ibsaniiru. Keessattuu, damee bu'uuraalee Misoomaa, Qonnaa, Fayyaa, Barnootaa, Maallaqaa, Teekinikaa fi ijaarsa dandeettii irratti deeggarsa Ejansichi taasisaa jiruuf galateeffataniiru. Ministir Ahimed Shidee Itti Aanaa Pireezidaantichaaf Riifoormii dinagdee Itiyoophiyaa ilaalchisee ibsa kennaniiru. Ejensiin Walta’insa Idil-Addunyaa(JICA)damee Aviyeeshinii (Xiyyaaraa), Misooma Anniisaa fi bu'uuraalee Misoomaa Daandii irratti gargaarsa taasisu akka cimsu Odeeffannoo ENAn Ministeera Maallaqaarraa argate mul’isa. Itiyoophiyaan qophiii yaa'ii KOP 32 (COP32) taasisaa jirtu irrattis kan mari'atan yoo ta'u, JICA karoora cimaa jijjiirama qilleensaa fi misooma magariisa irratti akka hirmaattu waamicha dhiyeessaniiru.
Itiyoophiyaa fi gamtaan Awurooppaa tumsa tarsiimawaa ni cimsu
Apr 20, 2026 339
Ebla 12/2018 (ENA)- Itiyoophiyaa fi gamtaan Awurooppaa tumsa tarsiimawaa akka cimsan ibsan. Jilli ministira maallaqaa Ahimad Shideen durfamu walgahii baatii birraa dhaabbata maallaqaa addunyaa fi baankii addunyaa bara 2026 Waashiingitan Diisiitti gaggeeffamu cinaatti komishinarii tumsa idil addunyaa gamtaa Awurooppaa Jooseef Siikelaa waliin marii gamlamee gaggeesseera. Mariin kun tumsa tarsiimawaa Itiyoophiyaa fi gamtaa Awurooppaa jidduu jiru sadarkaa olaanaatti guddisuuf kan xiyyeeffate ta’un ibsameera. Tumsa dinagdee qaamolee lamaan jidduu jiru guddisuurratti kan xiyyeeffate akka tures odeeffannoon ENA’n ministeera maallaqaarraa argate ni mul’isa. Fooyyessa dinagdee Itiyoophiyaa deeggaruuf, dirree invastimantii caalaatti fooyyessuuf, hojiilee jijjiirama haala qilleensaa damdamachuu dandeessisanii fi galmoota guddina dinagdee fulla’aa irratti tumsaan hojjechuuf kallattiin kaa’amuu ibsameera. Itiyoophiyaa fi gamtaan Awurooppaa fayyadama waloo mirkaneessuu karaa danda’amuun tumsa cimsuuf kutannoosaanii mirkaneessuunsaanii himameera.
Riifoormiin fooyyessa dinagdee gooroo guutuun damee dhuunfaa cimsuudhaan invastimantii idil addunyaa hawachuu danda’eera
Apr 20, 2026 206
Ebla 12/2018 (ENA)- Riifoormiin fooyyessa dinagdee gooroo guutuun sharafni alaa gabaadhaan akka murtaa’u gochuunii fi hirmaannaa invastimantii damee dhuunfaa guddisuudhaan bu’aa qabatamaa galmeessisiisuusaa de’eetaan ministira maallaqaa Samariitaa Sawaasawu ibsan. Foramiin biizinasii gamtaa Awurooppaa fi Itiyoophiyaa mata duree “gabaa addunyaa keessa seenuuf dandeettii jirutti gargaaramuu” jedhuun Finfinneetti gaggeeffamaa jira. De’eetaan ministira maallaqaa Samariitaa Sawaasawu wayita kana akka jedhanitti, waggoottan darban Itiyoophiyaan riifoormii hunda galeessa guddina fulla’aa galmeessisuu dandeessisu taasifteetti. Itiyoophiyaan riifoormii hammataa fi hunda galeessa gochuun humna guutuu qabdu fayyadamuu kan dandeessisu jijjiirama fidaa akka jirtu ibsaniiru. Foramiin biizinasii Itiyoophiyaa fi gamtaa Awurooppaa Itiyoophiyaan dandeettii qabdu baasuuf, tumsa uumuuf, filmaata gabaa sonuuf murteessaa ta’uu dubbataniiru. Riifoormiin fooyyessa dinagdee gooroo guutuun damee dhuunfaa cimsuudhaan invastimantii idil addunyaa hawachuu danda’uusaa ibsaniiru. Riifoormiin booda kuusaan sharafa alaa dabaleera, qaala’insi gatii hir’ateera, baay’inni sharafaa daldala alaarraa argamu baay’ee guddateera jedhaniiru. Bara bajataa kana dinagdeen Itiyoophiyaa dhibbantaa 9 tuqaa 2 akka guddatu dhaabbanni daldalaa idil addunyaa raaguusaa eeraniiru. Mootummaan hirmaannaa fi gabaa dijitaalaa damee dhuunfaa cimsuuf sirna kaffaltii fi tajaajila dijitaalaa ammayyeessuusaa dubbataniiru. Gamtaan Awurooppaa fi biyyoonni miseensaa Itiyoophiyaa keessatti invasti gochuu akka danda’an ibsanii, mootummaan Itiyoophiyaa invastarootaaf deeggarsa barbaachisu gochuuf qophiidha jedhaniiru. Komishinariin tumsa idil addunyaa gamtaa Awurooppaa Joozeef Sikalaa, Itiyoophiyaan gamtaa Afriikaa kan hundeessite, biyya bunni irraa argame invastimantiif kan mijatte biyya seena qabeettii ta’uushee ibsaniiru. Itiyoophiyaan tarkaanfiiwwan imaammataa daldalaa fi invastimantii cimsan fudhachuudhaan eessa gahuu akka dandeessu ifatti mul’ifteetti jedhaniiru. Gamtaan Awurooppaa bu’ura misoomaa fi bu’ura misoomaa dijitaalaa sadarkaasaanii eeggatan barbaada kan jedhan komishinarichi, gamtichi deeggarsa ijaarsa bu’ura misoomaa baadiyyaaf taasisu ciminaan akka itti fufu ibsaniiru. Foramiin biizinasii gamtaa Awurooppaa fi Itiyoophiyaa kun dhaabbilee daldalaa jidduutti akkasumas mootummaa fi dhaabbilee daldalaa jidduutti marii bu’a qabeessa gochuuf ni gargaara jedhaniiru. Barreessaan olaanaa riijinii daldala bilisaa Ardii Afriikaa Wamkellee Meenee, kaampaaniiwwan Awurooppaa kuma afur caalan Ardii Afriikaa keessatti hirmaachuudhaan addunyaarraa adda duree ta’uusaanii ibsaniiru. Mootummaan Itiyoophiyaa riifoormii maqaa qabu gochuun biyyatti Afriikaarraa biyya dinagdee guddaa qabdu idhee taasiseera jedhaniiru. Haala Kanaan daldallii fi Invastimantiin Itiyoophiyaa keessatti qofa osoo hin ta’iin ummata Afriikaa biiliyoona tokko tuqaa afur caaluuf haala qabaa nama dadammaqsu uumuusaa ibsaniiru.
Tattaaffiin keenya dinagdee dorgomaa ijaaruuf kutannoo qabnu kan agarsiisudha - Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Apr 20, 2026 290
Ebla 12/2018(ENA) - Tattaaffiin keenya dinagdee caalaatti dorgomaa fi hunda hammate ijaaruuf kutannoo fi dandeettii qabnu kan agarsiisudha,' jedhan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad. Har’a ganama, raawwii hojii mootummaa kurmaana 3ffaa guyyoota 100 , raawwii waliigalaa ji’oota sagal jalqabaa gamaaggamuu jalqabne jedhani. Haala dinagdee guddinaaf mijataa hin turree fi bu’uura dhaabbilee fi siyaasaa laafaa, hirmaannaan damee dhuunfaa daangeffamee fi haala danbii bu’a qabeessa hin taane irraa baaneerra jechuun ibsaniiru. Dameen dhuunfaa dorgommii laafaa keessa akka ture hubachiisuun; dhaabbileen daldala mootummaa baay’een fe’umsa liqaa guddaan itti fe’amee dandeettii isaanii gadi hojjechaa akka turan dubbatani. Wayita ammaa dinagdee haala yeroo waliin adeemu ijaaruus himaniiru. Haalli dinagdee haaraan fudhanne kun yeroo gabaabaa keessatti guddina cimaa dijiitii lamaa galmeessisuun isaa ni yaadatama. Diinagdeen keenya yeroo ammaa dhibbeentaa 9.2’n guddachaa jira. Guddinni kun bara dhufu gara dhibbeentaa 10.2tti akka ol guddatu ni eegna. Tokkoon tokkoon damee irratti galma qabnu galmaan ga’uuf cimnee hojjechuu keenya itti fufna. Guddinni qonnaa dhibbeentaa 7.9, industirii dhibbeentaa 13.2, tajaajila irratti ammoo dhibbeentaa 9.3, osoo addaan hin citiin kan hojiirra oolan ta’uu hubachiisaniiru ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad. #Enaa Afaan Oromoo #ENA
Saayinsii fi teeknooloojii
Hoj-maata Dijitaalaa Babal’isuun ragaa mirkaneessuu fi gurmeessuuf hojiin hojjetamu cimee itti fufa
Apr 20, 2026 608
Ebla 12/2018(ENA)-Daayireektarri Olaanaa Tajaajila Istaatistikii Itiyoophiyaa Doktar Bakar Shaalee, hojiin dijitaalaan odeeffannoo mirkaneessuu fi gurmeessuu akka cimu ibsan. Tajaajilli Istaatistikii Itiyoophiyaa, Komishinii Siivil Sarviisii waliin ta'uudhaan, hojii odeeffannoo hojjettoota siivil sarviisii mirkaneessuu irratti mariin hubannoo cimsuu Magaalaa Samaraatti adeemsifamaa jira. Daayirektarri Olaanaa Tajaajila Istaatistikii Itiyoophiyaa Doktar Bakar Shaalee wayita sana akka jedhanitti, hojiin dijitaala odeeffannoo siivil sarvaantootaa mirkaneessuu fi gurmeessuu cimee hojjetamaa jira. Siivil Sarviisii Dijitaalaawaa dhugoomsuun faayidaa hedduu qabaachuu ibsuudhaan, odeeffannoo gurmaa'een sirna qabannaa odeeffannoo amansiisaa diriirsuuf saffisaan hojjechuun akka barbaachisu hubachiisaniiru. Naannichi xiyyeeffannoo kennee odeeffannoo hojjettootaa waraqaa eenyummaa Dijitaala (digital ID) waliin hojiin wal-qabsiisuu hojii odeeffannoo dijitaala gochuu (digitize) biyyoolessatti jalqabame ni saffisiisa jedhaniiru. Kanaanis, Odeeffannoo guddisuun Siivil Sarvaantii tajaajila kennu cimsuuf xiyyeeffannoo kennamuusaa ibsaniiru. Marii kanarratti kan argaman Hogganaan Biiroo Siivil Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa Naannoo Afaar obbo Mahaammad Ahimad gama isaaniitiin, siivil sarviisii dijitaalaawaa dhugoomsuuf hojiin hojjetamaa jiru jajjabeeffamuu qabu jedhaniiru. Sirna qabannaa odeeffannoo fooyyessuun tajaajila saffisaa kennuuf gumaacha olaanaa godhachaa akka jiru dabalanii dubbataniiru. Marii kanarratti Daayireektaroonni Qabeenya Namaa Naannoo Afaar, kan Zoonii fi Aanaa hirmaachaa jiru.
Manni Murtii Olaanaa Godinichaa Qabinsa ragaa fi kenna tajaajilaa Ammayyeessuun itti quufinsa maamilaa guddisaa jira
Apr 20, 2026 388
Ebla 12/2018 (ENA)- Manni Murtii Olaanaan Godina Jimmaa qabinsa ragaa fi kenninsa tajaajilaa ammayyeessuun itti quufinsa maamilaa gudidsaa jiraachuun ibsame. Dhaabbilee Mootummaa " Dijitaala Itiyoophiyaa " hojiirra oolchaa jiran keessaa dhaabbileen haqaa adda durummaan eeramu. Haaluma kanaan, Manni Murtii Olaanaa Godina Jimmaa hoj-maata qabinsa odeeffannoo fi kenniinsa tajaajilaa ammayyeessuudhaan, tajaajilamtoonni bakka jiran ta’anii viidiyoo konfiraansiin dhaddacha akka hordofan taasisaa jira. Dhimma kana ilaalchisee, ENA’n tajaajilamtoota Mana Murtii Olaanaa Godina Jimmaa fi Pirezidaantii Mana Murtichaa dubbiseera. Tajaajilamtoota mana murtichaa keessaa jiraataan Godina Jimmaa, Aanaa Maannaa obbo Jawaar Abbaarayyaa, adeemsa haqaa hordofuuf viidiyoo konfiraansii fi hoj-maanni dijitaala hojiirra ooluun isaanii, haqaa argachuuf gara Mana Murtii Olaanaa Godina Jimmaa deemuuf baasii baasaa turan akka isaaniif hambise dubbataniiru. Jiraataan Aanaa Nadhii Gibee obbo Misbaah Sheek Iimaam gama isaaniitiin, akka jedhanitti, tajaajilli Dijitaalaa Mana Murtichaa hojii idilee isaanii irraa adda osoo hin bahiin, bakka jiran ta’anii haqa si’ataa akka argatan isaan dandeessisuu ibsaniiru. Tajaajilli dijitaalaa mana murtichaa odeeffannoo yeroo gabaabaa keessatti argachuuf kan gargaaruu fi hojii kan salphisu ta’uu Ogeettii seeraa fi Abukaattoo kan ta’an Taadalech Dhibaayuu ibsaniiru. Tajaajilli haqaa dijitaala ta’uun isaa tajaajilamaafis ta’e ogeeyyota seeraaf furmaata kenneera jedhaniiru. Rakkoolee Aanaatti furamuu hin dandeenyeef tajaajilamtoonni gara Magaalaa Jimmaa dhufuu hin qaban jechuun Abbaan seeraa Mana Murtii Olaanaa Godina Jimmaa, Taajuu Sharif ibsaniiru. Hoj-maanni ammayyaa kun tajaajilamtoonni iyyannoo isaanii ‘'e-faayiliin' (e-file) ergatanii, bakka jiran ta’anii falmachuu ykn dhimma isaanii hordofuu akka danda’an carraa bal’iseera jedhaniiru. Tajaajilli kun waraqaa malee kennamuunsaa, tajaajilicha ariifachiisuu bira darbee, Iftoomina Odeeffannoo uumuuf gargaaruusaa eeraniiru. Pirezidaantiin Mana Murtii Olaanaa Godina Jimmaa, obbo Toofiq Shamsuu gama isaaniitiin, Godinichi kenniinsa tajaajila haqaa ammayyeessuu fi gahuumsa isaa dhugoomsuuf appilikeeshinoota garaagaraa hojiirra oolchuusaa ibsaniiru. Dhaddachi viidiyoo konfiraansii qulqullina qabuun gaggeeffamaa jiraachuusaa eeranii, himataaf, ol-iyyannoo fi tajaajiloota kana fakkaataniif gara Mana Murtii Olaanaatti dhufuu osoo hin barbaachisiin, Aanaa fi kilaastara gandaa taa’anii hordofuu akka qaban dubbataniiru. Dabalataanis, Godinichatti Aanaalee 19 keessatti, Waajjira Abbaa Alangaa fi Mana Murtii gidduutti tuttuqaa waraqaa malee, karaa dijitaalaan waljijjiirraa odeeffannoo saffisaa taasifamaa jira jedhaniiru. Fuuldurattis tajaajiloota sirna haqaa saffisiisan Aanaalee hunda keessatti babal'isuudhaan, " Dijitaala Itiyoophiyaa " dhugoomsuuf hojjetamaa jiraachuusaa ibsaniiru.
Yuunvarsiitichi hojiiwwan qorannoo Qonnarratti xiyyeefatee hojjetu Qonnaan bulaa fayyadamaa taasisaa jira
Apr 15, 2026 1154
Eebila 07/2018 (ENA): Yunivarsiitiin Jimmaa Qorannoowwan Qonnaa irratti xiyyeeffatan gaggeessaa jiru Qonnaan Bultoota fayyadamoo taasisaa jiraachuu beeksise. Yunivarsiitiin Jimmaa hojii Barnootaa fi leenjii cinaatti, qorannoowwan gosa adda addaa gaggeessaa kan jiru yoo ta’u, keessumaa Qorannoowwan Qonnaa irratti xiyyeeffatan kanneen eeramanidha. Yunivarsiitichis qonnaan bultoota Godina Jimmaa fi naannolee biroo fayyadamoo taasisuuf xaa’oo uumamaa oomishuudhaan raabsaa jira. Xaa’oon uumamaa kun ‘baayoochaar’ (Biochar) irratti hundaa’e kan oomishamu yoo ta’u, fayyummaa biyyee fooyyessuudhaan oomishtummaa dabaluu fi naannoo miidhaa keemikaalarraa eeguuf gumaacha guddaa qaba. ‘Baayoochaarii’ jechuun, hafaa oomisha qonnaa fi baala ho’a ol’aanaan gubuu irraa kan argamu gosa cilee yoo ta’u, kaayyoon isaa inni guddaan akka cileetti itti fayyadamuuf osoo hin taanee, gabbina biyyee eeguun tursiisuufi. Kana malees, gabbina biyyee fooyyessuudhaan wabii nyaataa mirkaneessuu fi jijjiirama qilleensaa ittisuuf faayidaa guddaa akka qabu ragaaleen ni agarsiisu. Itti Aanaan Diinii Kolleejjii Qonnaa fi Yaala Beelladootaa Yunivarsiitichaa, Dr. Fiqiramaariyaam Gadaa,Yunivarsiitichi hojiiwwan qorannoo Hawaasa fayyadamoo taasisuuf irratti xiyyeeffatee hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Hojiiwwan qonnaan bultoota fayyadamoo taasisan keessaa tokko xaa’oo baayoocharii irratti hundaa’e dhaqqabamaaa taasisuu akka ta’e himanii, hanga ammaatti qonnaan bultoonni 500 ol fayyadamoo ta’uusaanii dubbataniiru. Xaa’oo uumamaa kana giddu galeessa qorannoo Arsiittii fi Baatuu waliin ta’uudhaan gara qonnaan bultootatti babal’isuuf hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, kana malees Naannoo Sidaamaattis hojiirra oolchuuf karoorfatamee hojjetamaa jiraachuu eeraniiru. Yeroo ammaa Godina Jimmaa qofaatti qonnaan bultoonni 300 ol xaa'oo uumamaa kana fayyadamuurra darbee, leenjii fudhatanii ofiisaanii oomishaa jiraachuu eerameera. Barsiisaa fi qorataa Kolleejjii Qonnaa fi Yaala Beeyladootaa Yunivarsiitii Jimmaa, Doktar Milkiiyaas Ahimad, 'baayoochaariin' xaa'icha qopheessuuf barbaachisu kun, hafaa oomisha qonnaa fi baala tajaajila biraa irra hin oolle irraa kan qophaa'u ta'uu ibsaniiru. Qonnaan bulaan Godina Jimmaa, Aanaa Deedoo, obbo Biyyaa Haajii, xaa'oo bu'aa qorannoo kanaa fayyadamanii bu'a qabeessa ta'uu isaanii dubbataniiru. Qonnaan Bulaan Aanaa sanaa kan biroo, obbo Raayyaa Abbaafiixaa, xaa'oo uumamaa qorattoonni dhiyeessan kana irratti shakkii akka qaban ibsanii, ta'us, bu'aa qabeessa ta'uusaa erga hubatanii booda, fayyadamuu qofa utuu hin taane gara hojii oomishuuttis seenuu isaanii himaniiru.
Itiyoophiyaan damee teeknooloojiin milkaa’inoonni galmeessite Afrikaa hundaa kan boonsudha
Apr 14, 2026 202
Eebila 6/2018 (ENA): Itiyoophiyaan damee teeknooloojiin milkaa’inoonni galmeessite Afrikaa hunda kan boonsu ta'uu Ministirri Dhimma Alaa Laayibeeriyaa Saaraa Beysooloowu Niyaatii, ibsani. Itiyoophiyaan kenniinsa tajaajila alaa fi damee kalaqaan ardicha keessatti dargomaa fi gahumsa gaarii ijaaraa jirti jedhani. Jilli Ministira Dhimma Alaa Laayibeeriyaa Saaraa Beysooloowu Niyaatiin durfamu Paarkii Teeknooloojii Odeeffannoo Itiyoophiyaa daawwateera. Ministirri Dhimma alaa kun akka jedhanitti, Jijjiiramni damee teeknooloojii Itiyoophiyaa keessatti mul’ate Afrikaa hundaaf madda boonsaa ta’uu ibsani. Hariiroo biyyoota lamaanii Itiyoophiyaa fi Laayibeeriyaa sadarkaa itti aanutti ceesisuuf fedhii akka qabanis himaniiru. Akkasumas tumsi gama teeknooloojii, qonnaa fi barnootaan taasifamu ummata biyyoota lamaanii fayyadamoo taasisuu akka qabu ibsaniiru. Humna namaa baay’ee Afrikaa keessattuu dargaggoota sirnaan itti fayyadamuuf tumsa biyyoota "Kibbaa-Kibbaa" gidduu jiru cimsuun barbaachisaa ta'uu hubachiisaniiru. Ardichi waliinii fi qindoominaan yoo misoomte ni danda’ama jechuun dubbataniiru. Wiirtuuwwan daataa paarkii ayisiitii keessatti daawwatan ilaalchisee Itiyoophiyaan gama hojii alaa fi kalaqaan ardii kanarratti dandeettii dorgomaa fi injifatamuu hin dandeenye ijaaraa akka jirtu ibsaniiru. Dargaggoonni argannoo haaraa akka maddisiisan haalli mijataa paarkicha keessatti uumame biyyoota biroof fakkeenya ta’uu ibsaniiru. Akkasumas, wiirtuun daataa kun dandeettii Afrikaan daataa mataa ishee ofumaan bulchuu akka qabdu kan agarsiisu ta’uu ibsuun, muuxannoo teeknooloojii Itiyoophiyaa irraa barachuun Laayibeeriyaan wiirtuu kuusaa daataa mataa ishee ijaaruuf fedhii akka qabdu mirkaneessaniiru. Daawwannaan kun hariiroo seenaa biyyoota Afrikaa durii lamaan gidduu jiru gara walta’iinsa dinagdee fi teeknooloojii qabatamaatti kan jijjiiru ta’uun ibsaniiru. Jilli Pirezidaantii Laayibeeriyaa Jooseef Niyuumaa Boo’akaayiin durfamu kaleessa galgala daawwannaa hojiif Finfinnee akka gale ni beekama. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Pireezidaantii Laayibeeriyaa Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee wayita gahan simannaa taasisaniiruufi. #Ena Afaan Oromoo #ENA
Ispoortii
FedereeshiniinAtileetiksii Itiyoophiyaa yaa’ii waggaa waliigalaa 29ffaa gaggeessuu eegale
Apr 20, 2026 308
Ebla 12/2018 (ENA)፦ Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaa yaa’ii idilee waliigalaa 29ffaa har’a Finfinneetti gaggeesuu eegaleera. Yaa’ii hanga boruutti turu kanarratti, gabaasni raawwii karoora bara baajataa 2017 irratti mari'atamee ragga'eera. Yaa’ichi odiitara alaa moggaasuu akkasumas gabaasa odiitii alaa bara baajataa 2017 dhaggeeffatee mari'achuun raggaasisuuf ajandaawwan qabateera. Itti dabalees, karoora hojii fi baajata bara 2018 irratti mari'achuun murtoo kan dabarsu ta'a. Gama biraan Yaa'icharratti dhimmoonni sirna hoj-maata dhaabbataa (rifoormii) fi qorannoo caasaa humna namaa ilaaluun raggaasisuu yoo ta'u, seera itti bulmaata Federeeshinichaa fooyya'e qoratee kan raggaasisu ta'uus ni eegama. Yaa’ichi karoora tarsiimawaa waggaa shanii akkasumas qajeelfama bittaa, faayinaansii fi bulchiinsa qabeenyaa Federeeshinichaa Fooyya'e ajandaan godhachuun mari'atee akka raggaasisu Odeeffannoon Federeeshinichaarraa argame ni mul'isa.
Atileet Fantaayee Dorgommii Idil Addunyaa “ADDIS ABABA GRAND PRIX” Fiigicha Meetira Kuma 10 dubartootaan injifatte
Apr 18, 2026 1597
Eebila 10/2018(ENA) : Dorgommii Idil Addunyaa “ADDIS ABABA GRAND PRIX” Istaadiyeemii Finfinneetti adeemsifamuu kan eeglame yoo ta'u, fiigicha fageenya Meetira Kuma 10 dubartootaan atileeti Faantaayee Adaana injifatteetti. Dorgommiin morkiin olaanaa irratti mul’ate kana irratti atileet Faantaayeen daqiiqaa 33:24:56’n tokkoffaa ba’uun xumurteetti. Atileet Almaaz Baaraakii 2ffaa ba’uun yoo xumurtu, Taaffare Xibab Inniyoo 3ffaa ta’uun dorgommicha xumuraniiru. #Ena Afaan Oromoo #ENA
Dorgommii atileetiksii addunyaa yeroo jalqabaaf Itiyoophiyaatti gaggeeffamu
Apr 18, 2026 141
Ebla 10 /2018 (ENA)- Atileetiksiin addunyaa Giraandi Piriiksi dorgommiin guyyaa tokkoo har’a Isstaadiyoomii Finfinneetti ni gaggeeffama. Itiyoophiyaan seenaasheetiin yeroo jalqabaaf dorgommii atileetiksii idli addunyaa keessummeessuuf carraa kan argatte Guraandhala 2018dha. Barreessaan olaanaa dorgommii atileetiksii addunyaa Piirsi Oklagan jalqaba baatii Guraandhalaa Itiyoophiyaatti daawwannaa hojii giyyaa lamaa taasisuunsaanii kan yaadatamudha. Yeroo kanatti Itiyoophiyaan dorgommiiwwan idil addunyaa qopheesuuf humna ga’aa akka qabdu ibsanii, dorgommiiwwan garagaraa gara Itiyoophiyaa akka dhufan ni goona jechuunsaanii ni yaadatama. Haaluma Kanaan dorgommiin atileetiksii addunyaa yeroo jalqabaaf Itiyoophiyaatti gaggeeffamu sagantaa dorgommii atileetiksii addunyaa kan wagga keessatti hammatameera. Mootummaan dorgommii seena qabeessa kanaaf qophii barbaachisu taasiseera. Dorgommiin har’a gaggeeffamu kun atileetonni Itiyoophiyaa qofti kan itti hirmaatanii fi atileetonni idil addunyaa kan uttu hirmaatan jechuun bakka lamatti qoodameera. Atileetota beekamoo dorgomicharratti hirmatan keessaa lammiin Ameerikaa Gaabii Toomaas fi lammiin Keeniyaa Fardiinaandi Omaniiyalaa keessatti argamu. Atileetonni Afriikaa, Awurooppaa, Isiyaa fi Ameerika Kaabaa dabalatee ardiiwwan garagaraarraa walitti dhufan 70 ol dorgommicharratti nihirmaatu. Atiileetonni kunneen walakkaa torbee kanarraa eegaluun Istaadiyoomii Finfinneetti shaakalaa turaniiru. Haarmosi Istaadiyoomii Finfinnee xumuramee dorgommiin qophii taasifameera. Dorgommiin kun teeknooloojiin deeggaramee kallattiin (Live Stream) ni tamsaasama. Kun ammoo maqaa gaarii Itiyoophiyaa addunyaaf beeksisuu fi tuurizimii Ispoortii guddisuuf faayidaa guddaa akka qabaatu ni eegama. Atileetiksiin addunyaa Giraandi Piriin Finfinnee sadarkaan Naasaa kan kennameefidha.
Naannichatti dhaloota qaamaa fi sammuun gahoome horachuuf hojiin hojjetamaa jira
Apr 17, 2026 704
Eebila 9/2018 (ENA) : Naannoo Hararii keessatti dhaloota qaamaa fi sammuun gahoome horachuuf hojiin hojjetamaa jira jedhan Bulchaan Naannichaa obbo Ordiin Badirii. Dorgommiin Liigii Manneen Barnootaa naannoo Hararii fi Ispoortii Barsiisotaa 2ffaa Biiroo Barnootaa Naannoo Hararii mata duree "Dhaloota qaamaa fi sammuun gahoome badhaadhina biyyaaf" jedhuun eegalameera. Akka Bulchaan naannichaa obbo Ordiin Badirii sirna baniinsa dorgommii kanaa irratti argamaniii dubbatanitti, barattoonni har'aa egeree Itiyoophiyaa kan bakka bu’u isin jedhani. Dhaloonni qaamaaf sammuun gahoome badhaadhina biyyaaf shoora inni qabu olaanaa waan ta’eef dhaloonni ammaa kuni dubbisuu,qorachuufi biyyaa fi maatii isaaf gaachana ta’uu qaba jedhaniiru. Barattoonni miidiyaa hawaasaatiin hoogganamuu osoo hin taane, naamusaan qajeelaa ta’anii miidiyaa hawaasaa hoogganuu akka qabanis dubbataniiru. Ispoortiin hiriyummaa, tokkummaa fi nagaaf iddoo guddaa waan qabuuf dorgommii kana irratti ciminaan dorgomanii haala ispoortii fakkaatuun ga’umsa agarsiisuu qabu jedhan. Hogganaan Biiroo Barnootaa Naannichaa obbo Geetuu Nagawoo gama isaaniin akka himanitti, har’a Eebila 9, 2018 irraa eegalee torban afuriif kan turu dorgommii kanarratti manneen barnootaa dhuunfaa fi mootummaa naannichaa hundi ni hirmaatu jedhani. Dorgommiin kun dhaloota fayyaa fi sochiin gahoome manneen barnootaa keessatti uumuuf kutannoo qabnu kan argisiisnudha jedhani. Walitti dhufeenya barattootaa fi barsiisotaa cimsuu fi atileetota naannoo oomishuuf kaayyeffatee kan qophaa’e ta’uus himaniiru. Sagantaa jalqabsiisa dorgommii kanaa irratti hoggantoonni olaanoo naannichaa, barattoonni manneen barnootaa mootummaa fi dhuunfaa naannichaa, barsiisotaa fi ogeeyyiin ispoortii hirmaataniiru. Dorgommiin kun har'a magaalattii Istaadiyeemii Imaam Ahmaditti eegale. Fiigicha meetira 100 barsiisotaa irratti manni barumsaa sadarkaa 2ffaa Abaadir injifateera. #Ena Afaan Oromoo #ENA
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Itiyoophiyaa, akka biyya keessummeessituu COP32tti
Apr 17, 2026 735
Koree Biyyaalessaa ifatti hundeessuun qophii ishee eegalteetti. Adeemsa kana kaayyoo ifa ta’ee fi mul’ata guddaa qabatanii akka hoogganan hoggansa ijoo muudnee jirra. Kana hordofuun caasaan Pirezidaantummaa COP hojiiwwan dursa kennuuf qindoominaa fi bu’a qabeessa ta’an jalqabeera. Walgahii har'a Koree Biyyaalessaa waliin taasifneen, hojiiwwan hanga ammaatti dameewwan adda addaatiin hojjetaman gamaaggamuun, qaawwa jiru adda baasuun, carraaqqiin keenya hundi mul’ata biyyaalessaa keenyaa wajjin kan walsimu ta’uu fi dhiisuu isaa qoratameera. Gamaaggama bira darbee gara fuulduraatti kallattii waloo kaa'annee jirra. Xiyyeeffannaan keenya ifaadha; sagantaa idil-addunyaa kana tumsa cimaa, mul’ata tokkummaafi kutannoo walootiin olaantummaadhaan keessummeessuun guddummaa biyyattii agarsiisuufidha. Ministira MuummeeDr. Abiyyi Ahimad #Ena Afaan Oromoo #ENA
Naannoo Harariitti sagantaa Ashaaraa magariisaaf qophiin taasifamaa jira
Apr 15, 2026 281
Eebila 07/2018 (ENA): Sagantaa AShaaraa Magariisaa bara kanaatiif qophiin biqiltuu hedduumminaan gaggeeffamaa jiraachuu Biiroon Misooma Qonnaa Naannoo Hararii beeksise. Naannichatti hojiiwwan Ashaaraa magariisaa milkeessuuf hojiin qophii biqiltuu fi bakka dhaabbii biqiltuu mijeessuun gaggeeffamaa jiraachuu Biiroo Qonnaa Naannichaatti, Daarektarri Misooma itti fayyadamaa fi eegumsa qabeenya uumamaa obbo Araarsoo Adam ENA’f ibsaniiru. Biqiltuuwwan kunneenis giddu-gala biqiltuu mootummaa fi qonnaan bultootaan kan qophaa’aa jiran yoo ta’u, kanaanis dhibbeentaa 70 kan ta’an biqiltuuwwan firiin isaanii nyaatamu ta’uu isaanii ibsaniiru. Biqiltuuwwan hafan immoo mukeen biyyaalessaa, kan nyaata beeyladaa fi fayyidaa bosonaaf oolan ta’uu isaanii obbo Araarsoon ibsaniiru. Biqiltuuwwan akka Appilii, Maangoo fi Avokaadoon Faayidaa dachaa qaban, kilaastaraan kan dhaabaman ta’uu eeraniiru. Naannichatti baatii Gannaa keessa biqiltuuwwan lafa naannoo hektaara 1,000 irratti dhaabuuf karoorri qabamuun ibsameera.
Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaaf biqiltuuwwan faayidaa hedduu qaban dhaabbiif qophaa’aniiru
Apr 15, 2026 195
Eebila 07/2018 (ENA): Bulchiinsa Diree Dhawaatti Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaaf biqiltuuwwan Fuduraa fi Bosonaa qophaa’aa jiraachuu Abbaan Taayitaa Eegumsa Naannoo, bosonaa fi jijjiirama qilleensaa naannichaa beeksise. Biqiltuuwwan Sagantaa Ashaaraa Magariisaa waggoottan darban dhaabbatan Omishtummaa Qonnaa guddisuun hawaasa baadiyaa gargaaramuurraa gara omishtummaatti ceesisaa jiraachuun himameera. Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo,Bosonaa fi Qilleensaatti Daarektarri Misoomaa fi Eegumsa Bosonaa obbo Maasrashaa Yimar ENA’f akka ibsanitti, sagantaa Ashaaraa magariisaa bara kanaaf bulchiinsichatti buufataalee biqiltuu 20 ol ta’anitti biqiltuuwwan adda addaa qulqullinaan qophaa’aa jiru jedhani. Biiroo Qonnaa, Bishaanii, Albuudaa fi Inarjii waliin qindoomuun biqiltuuwwan muduraa, bosonaa fi miidhaginaa biqilchuun dhaabbiif qophaa’aa jiraachuu obbo Maasrashaan ibsaniiru. Biqiltuuwwan Ganna bara kanaa dhaabbatan keessaa dhibbentaa 60 kan ta’an biqiltuuwwan garaa garaa haala ikkooloojii fi qilleensaa Dirree Dhawaa waliin kan wal simatan ta’uusaanii dubbataniiru. Bulchiinsichatti Biqiltuuwwan Sagantaa Ashaaraa Magariisaan waggoottan darban dhaabbatan keessaa dhibbeentaan 80 ol qabachuun, oomishaa fi oomishtummaa qonnaa guddisuuf haala mijataa uumuurra darbee sagantaa Maaddii Guutuu bu’aa qabeessa taasisaa jiraachuu beeksisaniiru. Abbaa Taayitichatti dursaan garee Misooma Bosonaa obbo Maammush Zoodee gamasaaniin, duula Ashaaraa magariisaa waggoottan torban darbaniin biqiltuuwan dhaabaman gammoojjummaa Dirree Dhawaa jijjiiruun lolaaf saaxilamuu magaalittii jijjiiraa jiraachuu dubbataniiru. Keessumaa gandoota baadiyaatti biqiltuuwwan kanneen akka Loomii, Paappaayyaa, Burtukaanaa fi kanneen biroon dhaabaman galii qonnaan bulaa dabaluunii fi carraa hojii dargaggootaa uumuun bu’aa qabatamaa argamsiisaniiru jedhaniiru.
Naannoo Oromiyaatti Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaaf biqiltuuwwan fayidaa hedduu qaban qophaa’aa jiru
Apr 14, 2026 695
Eebila 06/2018 (ENA): Naannoo Oromiyaatti sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaaf lafa hektaara Miliyoona 1 olirratti biqiltuuwwan fayidaa garaagaraa qaban dhaabuuf qophiin taasifamaa jiraachuu Biiroon Qonnaa Naannichaa beeksise. Biirichatti Daareektarri Misoomaa fi Kunuunsa Bosonaa fi bakka bu’aan damichaa obbo Katamaaa Abdiisaa ENA’f akka ibsanitti, waggoottan darban sagantaa Ashaaraa Magariisaatiin biqiltuuwwan dhaabaman bu’aa gaarii argamsiisaniiru jedhani. Kana bu’uura godhachuun, bara kana lafa biqiltuu dhaabuuf karoorfame keessaa dhibbantaa 50 ol biqiltuuwwan nyaataaf oolan akka dhaabaman ibsanii, waliigala hojiin qophii dhibbeentaa 92 irra ga’uu beeksisaniiru. Naannichatti bara kana sagantaa Ashaaraa Magariisaatiif lafti haaraan hektaara miliyoona 1 ol qophaa’uu mirkaneessaniiru. Kana keessaa biqiltuuwwan bosonaaf tajaajilan lafa hektaara kuma 400 ol irratti akka dhaabaman ibsaniiru. Biqiltuuwwan dhaabaman kunneenis, gabbina biyyee deebisuu, oomishaa fi oomishtummaa dabaluu, midhaan Qonnaa misoomu waliin kan wal simatan, akkasumas qonnaan bultoonni lafa xiqqaa irratti fayyadamaa hedduu ta’uu kan dandeessisan akka ta’an himaniiru. Qophiin biqiltuus Mootummaan, Interpiraayizootaan, waldaaleenii fi qonnaan bultootaan buufataalee biqiltuu kuma 1 fi 200 irratti qophaa’aa akka jiran dubbataniiru.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 2668
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan. Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru. Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru. Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.
Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifama
Dec 7, 2024 10828
Sadaasa 27/2017(TOI) - Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu Humni Elektiriikii Itoophiyaa beeksise. Har'a galgala kana tasgabbii dhabuu sistamaatiin rakkoo mudateen guutuu biyyattiitti humni elektirikii addaan citeera. Rakkoo kana hiikuufi humnicha deebisuuf buufatalee maddoota humnaafi raabsaatti tattaaffiin olaanaa taasifamaa jira. Rakkoo umame Humni Elektiriikii Itoophiyaa hiikee hanga bakkasaatti deebisutti obsaan akka nu eegdan kabajaan gaafachaa, odeeffannoowwan jiran hatattaamaan kan isiniin biraan geenyu ta'a jechuun Tajaajilli Elektiriikii Itoophiy karaa miidiyaa hawaasummaa isaa beeksiseera.