ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Cichoominaa fi Itoophiyummaan Wal-irraa adda hin ba’an
Sep 8, 2026 241
Qaammee 03/2018 (ENA): Qormaatilee hedduun Itoophiyaa seenaa ishee keessatti dabarsite fi ciminni biyya baraaruu eenyummaa uummata Itoophiyaa waliin kan wal-irraa adda hin bane ta'uu miseensonni Rayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa Izziin gidduugaleessaa Daalol beeksisan. Magaalaa Jimmaatti Qaammee3 "Guyyaa Cichoominaa" sababeeffachuun sagantaaleen adda addaa gaggeeffamaa jiru. Sagantaa kana irratti hogganoonni fi miseensonni Waraana Iizzii gidduugaleessaa Daalol, Kantiibaan Magaalaa Jimmaa, bakka bu'oonni dhaabbilee nageenyaa fi keessummoonni affeeramani biroon argamaniiru. Itti gaafatamaan Ijaarsa Xiinsammuu gidduugala Iizzii Daalol Leetanaal Koloneel Argaawu Laggasaa, cichoominnii fi Itoophiyummaan kan wal-irraa adda hin baane ta’uu, uummatti Itoophiyaa ciminaa fi mo'atummaadhaan har'as biyya isaatiif dhaabbachuu isaa ibsaniiru. Cichoominni yaadni jedhu jabaachuu, yeroo rakkoo danda'anii mo'achuu fi amaanaa kennameef kutannoodhaan dhaabbachuu kan gaafatu ta'uu ibsuun; Rayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa biyya fi uummata isaatiif aarsaa kan kafalu, nagaa fi nageenya uummataa kutannoodhaan kan eegu tajaajilaa uummataa ta'uu dubbataniiru. Leetanaal Koloneel Argaawu akka jedhanitti, Rayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa diina biyyaa fi uummata yaaddessu duubatti deebisuuf Loltuu jabaa kutannoodhaan kan qolatu ta’uu ibsaniiru. Miseensonni Rayyaa Ittisa Biyyaa Iizzi gidduugaleessa Daalol Shaambal Fitsum Bisiraatii fi Shaambal Engidawu Taaddasaa akka jedhanitti, Itoophiyummaan cichoomina hin sarmine ta’uu ibsaniiru. Biyya abbootiin keenya dhiiga isaaniitiin eeganii nuuf dabarsan, Rayyaan Ittisa Biyyaa dhiiga isaatiin eegee kan ittifuufsiisu ta'uu dubbataniiru. Haaluma walfakatuun, miseensonni Iizzii giddugala kanaa Siiniyer Waaraant Ofiseer Ahimad Abdallaa fi Ajajaa dhibbaa Yooseef Gurbiyaawu, Rayyaan Ittisa Biyyaa har'as teeknoolojii gahaadhaan deeggaramee dhaabbannaa jabaa irratti kan argamu ta'uu ibsuun, miseensa waraana kanaa ta'uun baay'ee kan nama boonsudha jedhaniiru. Miseensonni Loltuu gidduugala Iizzii kanaa ENA'f akka ibsanitti, cichoomina jechuun biyya fi uummataaf amanamummaadhaan dhaabbachuu fi aarsaa ta'uudha; biyyaaf lubbuu kafaluun Rayyaa Ittisa Biyyaatiif boonsa guddaadha. Nagaa fi tokkummaa Itoophiyaa eegsisuuf kutannoodhaan hojjechuu keenya itti fuufna jedhaniiru. Kantiibaan Magaalaa Jimmaa Obbo Xahaa Qamar sagantaa kana irratti argamuun akka jedhanitti, Itoophiyaan waggoota hedduudhaaf qormaata keessa kan dabarsite ta'us, aarsaa ijoollee isheetiin jabaattee har'as mo'atummaadhaan dhaabbatteetti jechuun ibsaniiru. Obbo Xahaan dabalataan akka ibsanitti, Rayyaan Ittisa Biyyaa olaantummaa Itoophiyaatiif har'as aarsaa kafaluudhaan biyya fi uummata eegaa, biyya ceesisaa jira jedhaniiru.
Korporeeshiniin manneen federaalaa ijaarsa dukkaanota kuma 2 fi 500 olii eegalchiise
Sep 8, 2026 127
Qaam’ee 3/2018 (ENA)- Korporeeshiniin manneen federaalaa ijaarsa dukkaanota kuma 2 fi 500 olii har’a eegalchiiseera. Hojii raawwachiisaan olaanaa korporeeshinichaa Dr. Rashaad Kamaal wayita kana, riifoormii hojjetameen dhaabbatichi haala rakkisaa garagaraa keessaa bahuudhaan gara boqonnaa bu’a qabeessaatti cehuusaa ibsaniiru. Dhaabbatichi bu’aa argatu dacha 42’n guddisuu isaa fi guyyaa har’aa ijaarsa dikkaanota kuma 2 fi 500 olii eegalchiisuusaa dubbataniiru. Ijaarsi guyyaa har’aa eegalame baasii birria biiliyoona 4 tuqaa 3’n tumsa misoomsitootaan kan ijaaramu yoo ta’u gamoo abbaa darbii jahaa fi bakka konkolaataan dhaabatu, bakkeewwan bashannanaa ammayyaa dukkaanota waliin kan qabatedha. Dukkaanonni kireeffattoota buleeyyii dabalatee namoota misoomaaf jecha ka’an 230’f namoota biroof carraa akka uumuuf beeksisaniiru. Korporeeshinichi wagga tokko keessatti gamoowwan kudhan xumuruuf karoorfachuusaa fi ijaarsonni namoota kuma 10 ta’aniif carraa hojii uumaan ijaaramaa jiraachuu kaasaniiru. Gama biraatiin korporeeshiniin maneen federaalaa dukkaanota Markaatootti ijaarsise 399 har’a eebbisiiseera.
Sirni Awwaalchaa Artiist Ilfinash Qannoo Magaalaa Ambootti raawwate
Sep 8, 2026 166
Qaammee 3/2018(ENA): Sirni Awwaalchaa Artiistiifi qabsooftuun mirga namoomaa Ilfinash Qannoo Magaalaa Ambootti bakka maatii, firoottan, dinqisiifattonni, jiraattoonni magaalaa Amboofi naannawaa ishee kumaatamaan lakkaa'aman argamanitti raawwateera. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#
Dhaabbileen nageenyaa fi tasgabbii hojiilee qabatamaa raawwataniin fakkeenya cichoominaa ta’aniiru
Sep 8, 2026 177
Qaam’ee 3/2018 (ENA)- Dhaabbileen nageenyaa fi tasgabbii hojiilee qabatamaa raawwataniin fakkeenya cichoominaa ta’uusaanii ajajaan itti aanaa qajeelcha walii galaa ittisa yakkaa poolisii federaalaa Itiyoophiyaa komishinar jeneraal Malaakuu Faantaa ibsan. Dhaabbileen nageenyaa fi tasgabbii Qaam’ee 3 guyyaa cichoominaa yaadannoo injifannoo Adwaatti sagantaalee garagaraan kabajamaa jiru. Ajajaan itti aanaa qajeelcha walii galaa ittisa yakkaa poolisii federaalaa Itiyoophiyaa komishinar jeneraal Malaakuu Faantaa wayita kana akka jedhanitti, dhaabbileen nageenyaa fi tasgabbii hojii bu’a qabeessa hojjetaniin fakkeenya cichoominaa ta’aniiru. Guyyaan kun Itiyoophiyaan gara boqonnaa bayyanachuutti cehuushee kan agarsiisu ta’uu dabalanii dubbataniiru. Raayyaan ittisa biyyaa, poolisiin federaalaa Itiyoophiyaa, tajaajilli odeeffannoo fi nageenyaa biyyaalessaa, bulchiinsi nageenya neetwoorkii odeeffannoo (INSA) fi inistiitiyuutiin hubannoo nam-tolchee Itiyoophiyaa fayidaa ummataa fi biyyaa gama kabachiisuutiin hojiilee bu’a qabeessa hojjetaniiru jedhaniiru. Gaachana biyyaa fi fakkeenya cichoominaa ta’uudhaan akkasumas dameesaaniitiin hojiilee bu’a qabeessa hojjechuudhaan gumaacha olaanaa biyyaaf gumaachuusaanii eeraniiru. Guyyaan kun boqonnaa seenaa guddaa bu’aa caaluuf waadaa kan itti galamu ta’uu ibsaniiru.
Ciminni waadaa Misoomaa, duudhaawwan jiraachuu fi jiraachuu dhabuu keenya itti fufsiisuun aarsaa kanfallu kutannoo hin sarbamne dha- Pireesidaanti Ordiin Badirii
Sep 8, 2026 181
Qaammee 3/2018 (ENA): Ciminni waadaa Misoomaa, duudhaawwan jiraachuu fi jiraachuu dhabuu keenya itti fufsiisuun aarsaa kanfallu kutannoo hin sarbamne dha jedhan Pireesidaantiin Naannoo Hararii Ordiin Badirii. Naannoo Harariitti Qaammeen 3 Guyyaan Cichoominaa kabajameera. Sagantaa kana irratti hoggantoonni olaanoo naannichaa, miseensonni raayyaa ittisaa fi humnoonni nageenyaa biroo, abbootiin amantaa, maanguddoonnii fi kanneen biroo argamaniiru. Milkaa'ina har'a arganne kanaaf iccitiin guddaan qormaata adda addaa keessa osoo jirruu ciminaan hojjechuu fi qabsaa'uudha jedhan Ordiin Badiriin. Injifannoo fi bu’aa ba’ii gurguddaa galmeessisuun fayyadamummaa ummata keenyaa mirkaneessuu dandeenyeerra jedhan. Akkasumas ciminni safartuu kutannoo hin sarbamne kan duudhaawwan misoomaa, jiraachuu fi abbaa biyyummaa birmadummaa keenya eeguuf gatii kaffalamu ta’uu dubbataniiru. Rakkoolee nu mudatan irraa baqachuu osoo hin taane, hamileedhaan fudhannee dandeettii gara balbala carraa haaraatti ce'uu horachuu keenyatu kanaan nu gahe jedhan. Hojii ijaarsa sabaa obbolummaa , akkasumas tokkummaa fi waliin jireenyaa jalqabne itti fufuu qabnas jedhaniiru. Itiyoophiyaa wareegamaa fi gootummaa abbootii keenyaatiin kabajamte cimsuu itti fufna kan jedhan immoo humnoota nageenyaa saganticha irratti argamanidha. Hojii misoomaa fi bulchiinsa gaarii nageenyaa cimsuun eegalame cimsuun gahee keenya ni bahanna jedhaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#
Siyaasa

Biyya abbootiin keenya nu dhaalchisan kabajashee waliin dhalootaaf dabarsuuf cichoominaan ni dhaabanna-miseensota raayyaa ittisa biyyaa
Sep 8, 2026 145
Qaam’ee 3/2018 (ENA) - Biyya abbootiin keenya aarsaadhaan nu dhaalchisan kabajashee waliin dhalootaaf dabarsuuf cichoominaan ni dhaabanna jedhan raayyaa ittisa biyyaatti miseensonni izzii bahaa. Qaam’ee 3 guyyaan cichoominaa guutuu biyyaatti qophiilee garagaraan kabajamaa jira. ENA’n guyyaa kana ilaalchisuun raayyaa ittisa biyyaatti miseensota izzii bahaa dubbiseera. Miseensonni raayyaa kunneen cichoomuun aarsaa biyyaa fi ummata ceesisuuf kaffalamu ta’uu ibsuun, biyya abbootiin keenya nu dhaalchisan kabajashee waliin dhalootaaf dabarsuuf cichoominaan ni dhaabanna jedhaniiru. Miseensota raayyaa keessaa Letenaal Koloneel Fayyisaa Badhaadhaa aarsaa abbootiin keenya weerartuu alaa fi baandaa keessaaf osoo hin jilbeeffatiin kaffalaniin biyya daangaanshee fi tokkummaan ummatashee kabajame nuuf dabarsaniiru jedhan. Gootummaan kun “fakkeenya cichoominaati” kan jedhan Letenaal Koloneel Fayyisaan, yeroo ammaa raayyaan ittisaa cichoominaan daangaa biyyasaa kabachiisaa jiraachuu beeksisaniiru. Biyyi nuti qabnu tokkodha isheenis Itiyoophiyaadha kan jedhan diina biyya keessaa fi biyya alaaf osoo hin jilbeeffatiin biyya wal harkaa fudhinsa seenaatiin fudhatte eenee fi cimsinee dhaloota dhufuuf ni dabarsina jedhaniiru. Guyyaan cichoominaa biyyattiitti Kabajamuunsaa keessumaa raayyaa ittisaatiif hiika guddaa kan qabu ta’uunsaa ibsameera.
Qaammee 3 : Guyyaa Cichoominaa!
Sep 8, 2026 191
Qaammee 3/2018(ENA):Cichoominni bu’uura biyyi tokko qormaata muudatu dandamattee nageenya ishee tikfachuun gara guddinaafi badhaadhinaatti tarkaanfattudha. Kunis tokkummaa uummataa, jabina dhaabbilee mootummaa, dandeettii qaamolee nageenyaa, miira aantummaa biyyaa fi fedhii biyyaaf wareegama kaffalamuun madaalama. Akka biyyaafi naannoo keenyatti waggoottan muraasa darban keessa riifoormii dhaabbilee nageenyaa taasifamaa tureen dandeettii qaamolee nageenyaa cimuun birmadummaa biyyaa fi nageenya lammiilee tiksuuf hojii guddaan hojjetamaa jira. Riifoormii kanaan hidhannoon teeknooloojii, meeshaalee ammayyaa, leenjii fi ogummaa akkasumas naamusni dhaabbilee nageenyaa keessatti akka jijjiiramu ta'ee jira. Kunis dandeettii waraana lafoo, qilleensaa fi galaanaa horachuun birmadummaa biyya keenyaa kabachiisuuf gahumsa olaanaa uumeera. Jijjiiramni Raayyaan Ittisa Biyyaa, Poolisiin Federaalaa fi qaamolee nageenyaa biroo keessatti dhufes dandeettii raawwachiisummaafi loltummaa isaanii cimsuun Baandaafi Baadaa birmadummaa, daangaa fi nageenya biyyaalessaa sarbuu barbaadu dandeettii olaanaan qolachuun biyya keenya gatii qaaliidhaan itti fufsiisaa jira. Mootummaan Naannoo Oromiyaas gama isaatiin nageenya naannichaa fi tasgabbii biyyaalessaa mirkaneessuuf dandeettii raawwachiisummaa Poolisii Oromiyaa sadarkaa olanaan cimsee jira. Gaachana Sirnaa fi ijaarsa milishaa raawwachuunis uummata waliin qindoominaan hojjechaa jira. Kunis uummatni nagaan bahee nagaan akka galu, nageenyi naannoo fi biyyaa akka tikfamu, akkasumas Baandaafi Baadaa nageenya biyyaa jeequu fi birmadummaa sarbuu barbaadu qolachuun iimala olka'iinsa Itoophiyaa milkeessuu keessatti gahee isaa sadarkaa olaanaan bahachaa jira jedhe BKO.
Dhaabbileen nageenyaa fi tasgabbii guyyaa cichoomaa kabajaa jiru
Sep 8, 2026 130
Qaam’ee 3/2018(ENA)- Dhaabbileen nageenyaa fi tasgabbii sagantaalee garagaraatiin guyyaa cichoomaa kabajaa jiru. Guyyaan kun mata duree “cichoominni bayyanachuu Itiyoophiyaa” jedhuun yaadannoo injifannoo Adwaatti kabajamaa jira. Hojiileen raayyaan ittisaa, poolisii federaalaa Itiyoophiyaa, tajaajila odeeffannoo fi nageenyaa biyyaalessaa, bulchiinsa nageenya neetwoorkii odeeffannoo akkasumas inistiitiyuutii hubannoo nam-tolchee Itiyoophiyaa waltajjii Kanaan niyaadatamu. Kaayyoon ijoon guyyaan kun kabajamuuf dhaabbileen kunneen bayyanachuu biyyaaf hojii damee garagaraan hojjechaa jiraniif beekamtii kennuu fi egamoota itti aanan sadarkaa olaanaan itti fufsiisuuf ta’uun ibsameera. Tumsa biyyaalessaa badhaadhina Itiyoophiyaa dhugoomsuuf taasifamurratti qoodni dhaabbilee kunneenii, bu’aaleen argamaa jiranii fi muuxannoo garagaraa ilaalchisee waltajjii kanarratti mariin ni taasifama. Hojiileen dhaabbileen kunneen ijaarsa biyyaa, kabajamuu faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa, nageenya cimsuu fi birmadummaa biyyaa gama kabachiisuutiin hojjetan ni kaafamu. Af-yaa’iin mana maree federeeshinii obbo Aganyoo Tashaagar, komishinariin olaanaa komishinii marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa piroofeesar Masfin Ar’ayaa, akkasumas hoggantoonni olaanoon nageenyaa fi tasgabbii sagantaa kanarratti argamaniiru.
Guyyaan Cichoominaa akka naanoo Oromiyaatti magaalaa Bishooftuu Istaadiyeemii Bishooftuutti sirna adda addaa fi agarsiisa Raayyaa Ittisa Biyyaan kabajamaa jira.
Sep 8, 2026 160
Qaammee 3/2018 (ENA): Guyyaan Cichoominaa akka naanoo Oromiyaatti magaalaa Bishooftuu Istaadiyeemii Bishooftuutti sirna adda addaa fi agarsiisa Raayyaa Ittisa Biyyaan kabajamaa jira. Guyyoonni Qaammee waggaa waggaan Itiyoophiyaa keessatti kabajaman, duudhaalee biyyaalessaa fi ummataa adda addaa, akkasumas imala ciminaa fi guddinaa ishee yaadachuu fi itti fufsiisuuf kan kabajamanidha. Guyyaan Cichoominaa akka naannoo Oromiyaatti Istaadiyeemii Bishooftuutti kabajamaa jiru kun imala naannichi gara nageenyaa fi bulchiinsa gaarii, tokkummaa ummataa, cimina misoomaa kan calaqqisiisu ta'uus hubatameera. Sirna kana irratti Hogganaan Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenya Mootummaa Naannoo Oromiyaa Komishinar Araarsaa Mardaasaa , Abbaan Alangaa Waliigalaa Oromiyaa obbo Guyyoo Waariyoo, Pireezidaantii Mana Murtii Waliigalaa Oromiyaa obbo Geezaalii Abbaasimal fi Kantiibaa Magaalaan Bishooftuu obbo Alamaaayyoo Asaffaa, akkasumas hoggantoonni olaanoo mootummaa naannoo fi jiraattonni magaalichaa argamaniiru. Sagantaa kabaja Guyyaa Cichoominaa kana irratti agarsiisni Raayyaan Ittisa Biyyaa fi Poolisiin Oromiyaa dhiyeesse ayyaanichaaf simboo addaa kenneera.
Cichoominni kaleessas har’as eenyummaa Itiyoophiyaanotaati-Tajaajila komunikeeshinii mootummaa
Sep 8, 2026 127
Baga Qaam’ee 3 guyyaa cichoominaan isin gahe, nugahe! Cichoominni kaleessas har’as eenyummaa Itiyoophiyaanotaati. Itiyoophiyaan lafee fi dhiiga Itiyoophiyaanotaatiin kan har’a geese madda boonsaa fi kabajaati. Kanaafi kaleessarraa amma har’aatti haleellaa kallattii kamirraayyuu, humna kamiinuu aggaamaman hunda gootummaadhaan qolachuun, biyya bilisaa fi birmaduu dhalootaaf dabarsuun kan danda’ame. Qaam’ee 3 moggaasa guyyaa cichoominaa jedhuun kan kabajnu gootota birmadummaa Itiyoophiyaa bara hedduuf itti fufsiisaniif beekamtii kennuu, gootota har’aa jajjabeessuu fi gootota boruu uumuufi. Itiyoophiyaa adda waraanaa lafoo, qilleensaa, galaanaa fi Saayibariitiin birmadummaashee kan mirkaneessan gootota cimoo horatteetti. Itiyoophiyaan seenaashee sirna mootummaa adda duree addunyaaf karaa saaqeen tuttuqaa diinaarraa yeroon itti walaboomte hin turre. Irreenshee yemmuu cimu sodaatamtee fi kabajamtee, kan dadhabe yemmuu fakkaate ammoo haleellaaf saaxilamtee beekti. Ijoolleenshee birmadummaa Itiyoophiyaaf aarsaa kaffalan ያyoomiyyuu sodaatamtee fi kabajamtee akka jiraattu xiyyeeffannoodhaan ishee eegu. Shirrii fi tuttuqaan diinotashee caalaatti ishee cimsaa fi gootummaashee caalaa baase malee birmadummaashee gaaffii keessa galchee hin beeku. Itiyoophiyaanonni waloomaan Itiyoophiyaa eeguuf yeroo yerootti beekumsa loltummaa horatanii, ofirra darbanii bilisummaa kanneen birootiif aarsaa kaffalaa bara kanarra gahaniiru. Namooma, naamusa loltummaa fi leenjii ga’aa horataniiru. Diinni osoo tuttuqaatti hin galiin irra deddeebi’ee akka itti yaadu kan dirqisiisu misoomni namoomaa fi dandeettiin teknooloojii uumameera. Raayyaan adda waraanaa hundatti ijaarame gufuu karoora badhaadhinaa dura dhaabbachuuf raafamu hunda qulqulleessuu, biyya walabaa fudhate walabummaadhaan dhaloota dhufuuf kennuu, Itiyoophiyaan fedhiishee hunda daangaashee keessatti walabummaadhaan raawwachuuf humna akka qabaattu deeggaruuf ergama kan qabatedha. Diinonni Itiyoophiyaa diiguuf fedhan turaniiru, ni jiraatus. Garuummoo dandeettiin raawwachuu raayyaa keenyaa guddachuunsaa, xiin-sammuu mo’achuu ittiin ijaaramee fi teknooloojii ammayyaa hidhateen akkasumas marii biyyaalessaa hammataa gaggeeffameen ulaan dallansuu baandota ergamtootaa duuduunsaa humni raawwachuu diinaa yaadarra akka hin darbine ta’eera. Itiyoophiyaan yeroo ammaa biyya kanneen komii siyaasaa qaban hundi dallananii bosona kan diinni kan itti fayyadamu miti. Itiyoophiyaan har’a waan nama hawatu ijaaraa, haqa waloorratti kan cichite, raayyaa ummataa dam- daneessummaa faaya godhatte kan qabdu, Fakkeenya badhaadhinaa biyya Afriikaa ta’uuf gara olaanaatti furguggifamaa kan jirtudha. Dhaabbata humna qilleensaa, humna galaanaa fi Saayibarii gufuu imala kanarraa ishee gufachiisuu barbaadu hundi irra deddeebi’ee akka itti yaadu godhu ijaarteetti. Har’a guyyaa cichoomaa yemmuu kabajnu birmadummaa fi bilisummaa Itiyoophyaa kabachiisuuf, nageenyii fi tasgabbiin ummattootashee akka mirkanaa’u gootota aarsaa kan kaffalanii fi kaffalaa jiran kabajuudhaan fi ashaaraasaanii cimsuun itti fufsiisuuf wadaa galuuni. Qaam’ee 3 bara 2018 Tajaajila komunikeeshinii mootummaa FDRI Finfinnee

Hawaasummaa
Sirni Awwaalchaa Artiist Ilfinash Qannoo Magaalaa Ambootti raawwate
Sep 8, 2026 166
Qaammee 3/2018(ENA): Sirni Awwaalchaa Artiistiifi qabsooftuun mirga namoomaa Ilfinash Qannoo Magaalaa Ambootti bakka maatii, firoottan, dinqisiifattonni, jiraattoonni magaalaa Amboofi naannawaa ishee kumaatamaan lakkaa'aman argamanitti raawwateera. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena#
Sirni gaggeessaa Artistiifi Qabsooftuu Ilfinash Qannoo Istaadiyeemii Finfinneetti raawwatame
Sep 8, 2026 182
Qaammee 3/2018 (ENA) Sirni gaggeessaa Artistiifi Qabsooftuu Ilfinash Qannoo Istaadiyeemii Finfinneetti bakka jaallattoonni,dinqisiifattoonni Aartiifi kutaan hawaasa adda addaa argamanitti raawwatameera. Bara 1954 Godina Wallagga Bahaa Aanaa Guutoo Giddaatti kan dhalatte artisti Ilfinash Qannoo, ijoollummaa isheerraa jalqabee gootummaan kan guutamte yoo ta'u, fedhiifi dandeettii gama aartiin qabdu milkeessuuf Hawwisoo Guddattuu Wallaggaatti makamte. Hawwisoo Guddattuu Wallaggaa keessattis gootummaafi dandeetti qabdu mul'isuun urjii taatee mul'atte. Boodarras gara Finfinnee dhufuun bara dukkanaa sanitti lubbuu qaalii osoo hin qusatin sagalee ishee kiiloleen uummata Oromoof sagalee ta'uu hanga qabsoo hidhannootti gaggeessuun fakkeenya cichoominaa dhalootaaf taatee jirti. Qabsoo gaggeessaa turte kana keessattis hidhaafi dararaa hedduu kan dabarsite, artisti Ilfinesh Qannoo bara jireenya ishee keessatti tokkummaa Oromoo lallabuun dungoo bara dukkanaa taatee ofiif gubattee uummata Oromoof iftee jiraatte. Artisti Ilfinesh Qannoo albaama 10 ol hojjachuun uummata biraan kan geesse yommuu ta'u, sirboonni ishee kunis tokkummaa Oromoo kan itichaniifi qabsoo Oromoo fuulduratti kan tarkaanfachiisaniidha. Artisti Ilfinesh ijoollee dubaraa 2 deessee kan qabdu yommuu ta'u ijoollee 2 immoo guddistee kan qabdu akkasumas haadha Oromoo maraa ta'uu seenaan ishee ni mul'isa. Artisti Ilfinesh Qannoo Qaammee 01 bara 2018 umrii ishee waggaa 64'tti du'aan addunyaa kanarraa kan adda baate yoo ta'u, yeroo lubbuun jirtu 'Reeffi koo tokkummaa Oromoo akka itichuuf yoon du'e Ambootti na awwaalladhaa, ta'uu baannaan cabbii biyya Noorwayyeetti na awwaalaa'' jettee waan dhaammatteef sirni awwaalcha ishee Magaalaa Ambootti raawwatama. Guyyaa har'aas sirni gaggeessaa artisti Ilfinesh Qannoo handhuura Oromiyaa Istaadiyeemii Finfinneetti bakka angawoonni mootummaa Federaalaafi Naannoo Oromiyaa, maatiin, firoonni, dinqisiifattoonni isheefi uummanni Oromoo kutaalee Oromiyaa garaagaraa argamanitti raawwatameera . Sirni awwaalchaas Magaalaa Ambootti akka raawwatamu odeeffannoon BKO irraa argame mul’isa.
Ilfinesh Qannoo: Sagalee Aartiin Tokkummaa Oromoo Leelliste!
Sep 8, 2026 132
Qaammee 3/2018 Artisti Ilfineesh Qannoo Yeroo Oromummaan dhiibamaa, aadaa fi eenyummaan Oromoo doorsifamaa turetti sagalee ishee artiin dhageessisuun dhalootaaf ergaa jabaa dabarsaa turte. Gootittiin kun dhukkuba isheerraa bayyaanachuu dadhabuun Qaammee 01, bara 2018 addunyaa kanarraa du’aan boqotte. Gaggeessaan reeffa gootittii kanaas guyyaa har’aa ganama sa'aatii 2:00 irraa eegalee Finfinnee, Istaadiyeemii Finfinneetti bakka dinqisiifattoonniifi hawaasni Oromoo bakka garaagaraa irraa dhufan argamanitti kan raawwatamu yoo ta’u, Magaalaa Ambootti immoo sirni awwaalchaa ni raawwatama.
Sirni Awwaalcha Artist Ilfinesh Qannoo boru Magaalaa Ambootti raawwatama
Sep 7, 2026 390
Qaammee 2/2018 (ENA) : Sirni Awwaalcha Artist Ilfinesh Qannoo guyyaa boruu Magaalaa Ambootti kan raawwatamuu ta'uun ibsameera. Sirna gaggeessaa Artistii fi qabsooftuu Ilfinash Qannoo Ilaalchisee koreen sirna gaggeessaa ibsa Miidiyaaleef kenneera. Haaluma Kanaan sirni awwaalcha Artisti Ilfinesh Qannoo magaalaa Ambootti bakka maatii, jaalattoonniifi hawaasni Oromoo argamutti kan gaggeeffamu ta'uun ibsameera. Guyyaa boruu sa'aattii 11:00- 12:00 reeffi hospitaala kooriyaadhaa bahee gara mana ishee kan deemu ta'uufi sa'aatii 12:00 -1:00tti gaggeessan kan taasifamuu ta’uus ibsameera. Sa'aatii 3:00 irraa kaasee immoo bakka awwaalchaa gara magaalaa Ambootti kan imalu ta'uun ibsamuu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa. #Ena-Afaan -Oromoo #Ena#
Diinagdee
Korporeeshiniin manneen federaalaa ijaarsa dukkaanota kuma 2 fi 500 olii eegalchiise
Sep 8, 2026 127
Qaam’ee 3/2018 (ENA)- Korporeeshiniin manneen federaalaa ijaarsa dukkaanota kuma 2 fi 500 olii har’a eegalchiiseera. Hojii raawwachiisaan olaanaa korporeeshinichaa Dr. Rashaad Kamaal wayita kana, riifoormii hojjetameen dhaabbatichi haala rakkisaa garagaraa keessaa bahuudhaan gara boqonnaa bu’a qabeessaatti cehuusaa ibsaniiru. Dhaabbatichi bu’aa argatu dacha 42’n guddisuu isaa fi guyyaa har’aa ijaarsa dikkaanota kuma 2 fi 500 olii eegalchiisuusaa dubbataniiru. Ijaarsi guyyaa har’aa eegalame baasii birria biiliyoona 4 tuqaa 3’n tumsa misoomsitootaan kan ijaaramu yoo ta’u gamoo abbaa darbii jahaa fi bakka konkolaataan dhaabatu, bakkeewwan bashannanaa ammayyaa dukkaanota waliin kan qabatedha. Dukkaanonni kireeffattoota buleeyyii dabalatee namoota misoomaaf jecha ka’an 230’f namoota biroof carraa akka uumuuf beeksisaniiru. Korporeeshinichi wagga tokko keessatti gamoowwan kudhan xumuruuf karoorfachuusaa fi ijaarsonni namoota kuma 10 ta’aniif carraa hojii uumaan ijaaramaa jiraachuu kaasaniiru. Gama biraatiin korporeeshiniin maneen federaalaa dukkaanota Markaatootti ijaarsise 399 har’a eebbisiiseera.
Qaammee 2 guyyaa olka’insaa sababeeffachuun mariin paanaalii gaggeeffame
Sep 7, 2026 368
Qaammee 2/2018 (ENA) : Magaalaa Shaggar kutaa malaagaa Malkaa Noonnootti Qaammee 2 guyyaa olka’insaa sababeeffachuun mariin paanaalii gaggeeffameera. Saganticharratti guyyaan olka'insaa Qaammee 2 mata duree "Milkaa'inni har'aa bu'uura Olka'insa boruu fi Badhaadhina hunda-galeessaf" jedhuun Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Malkaa Noonnootti marii paanaaliin fi daawwaannaa hojii Pirojektoota garaa garaan yaadatamee ooleera. Guyyaan Olka'insaa kun guyyaa injifannoo aragme labsaa, imala jijjiiramaa Badhaadhina hunda-galeessa dhugoomsuuf eegalame milkeessuuf lammiilee biyya keenyaa waadaa itti galanidha. Itti gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa damee Magaalaa Shaggar Obbo Alamaayyoo Tulluu saganticha irratti akka ibsanitti, biyyi keenya seenaa maraammartoo hiyyummaa keessa turte hooggansa tarsiimo'aan barii jijjiiramaa irraa eegalee waggootta muraasa keessatti milkaa’inoota gurguddoo akka biyyaatti galmeessuun kan danda'ame ta'uu eeraniiru. Milkaa'inni argamanis xombora injifannoo kan ta'e xumuramuu hidha haaromsaa Guddicha Itiyoophiyaa, daandiiwwan Asfaaltii, misooma Turizimiitiin akka biyyaatti bu'aa olaanaan aragamuu kaasanii, ijaarsa Buufata Xiyyaara idil-Addunyaa jalqabames bu'aa Mootummaa paartii badhaadhinaan kan argameefi olka'insa biyyaa keenyaa kan dhugoomsu ta'uu himaniiru. Itti aanaa Kantiibaa Magaalaa Shaggariifi Qindeessaa Kilaastera Dinagdee Obbo Guyyoo Galgaloo, Sagantaa marii gaggeeffamee kanarratti akka ibsanitti imala jijjiiramaa eegalame dhugoomsuuf kalaqaafi tekinooloojii jajjabeessuun bu'uura industirii gurguddaa fayyadamummaa uummataa mirkaneessan ijaaruuf gargaara jedhaniiru. Guyyicha marii paanaaliin booda daawwanaa hojii piroojektoota garaa garaa daawwachuun yaadatamee ooluusaa odeeffannoo Komunikeeshinii magaalichaarraa argame mul’isa.
Guyyaan Olka’iinsaa naannoo Oromiyaa magaalaa Naqamteetti sagantaa adda addaatiin kabajamaa jira
Sep 7, 2026 288
Qaammee 2/2018 (ENA): Guyyaan Olka’iinsaa Naannoo Oromiyaa magaalaa Naqamteetti sagantaa adda addaatiin kabajamaa jira. Qaammee 2, bulchiinsi magaalaa Naqamtee Guyyaa olka’iinsaa kana sochii ispoortii fi sagantaalee adda addaan bakka hoggantoonni naannoo fi magaalaa irratti hirmaataniin kabajaa jira. Daawwannaan pirojektii misoomaa adda addaa, marii paanaalii fi tajaajilli tola ooltummaas qaama Guyyaa olka’iinsaa kanaati. Ijaarsi biyyattii deebisanii ijaaruun yaada, hojii fi kutannoo walootiin galma gahuu akka danda'us ibsamee ture. Kunis bu’aa hojii argame kanaan dura galmaa’e nu yaadachiisuu qofa osoo hin taane, bu’aa argame cimsuun gara fuulduraatti tarkaanfachuuf kutannoodhaan hojjechuuf gargaara jedhameera. Bu’aa damee diinagdee, hawaasummaa fi siyaasaatiin argame sadarkaa olaanaatti ceesisuun bu’aa hanga ammaatti argame bu’uura godhachuun imala deebisanii bayyanachuu Itoophiyaa saffisiisuuf sagantaa baname ta’uu ibsameera. #Ena-Afaan -Oromoo #Ena#
Guddina Tuurizimii Itiyoophiyaa
Sep 7, 2026 328
Mootummaan Ida'amuu ergama imaammata haaromsa hawaas-dinagdee Itiyoophiyaa erga hojiirra oolchee kaasee, seektarri Turizimii seektaroota xiyyeeffannoo guddaan kennameef keessaa isa tokkodha. Turizimiin dandeettii Itoophiyaan qabdu keessaa tokko ta'us, kanaan dura haalaan otuu hin misoomiin sagantaalee garaa garaatiin dagatamee turuun gatii malu kan biyyi argachuu qabdu dhabdeeti. Haata’u malee yeroo ammaa Mootummaan Ida’amuu xiyyeeffannoo damee Tuurizimiif kenneen guddina ajaa’ibaatu galmaa’aa jira. Mootummaan Ida'amuu Turizimii akka bu'uura dinagdee fi meeshaa bifa biyyaa ijaaru; akkasumas madda carraa hojii uumuutti fudhatee hojjeteen bu’aan olaanaaniifi hojiiwwan gurguddoon seena qabeessa ta’e hojjetamaaniiru. Guddina seektara turizimii Mootummaa Ida'amuu jalatti raawwataman keessaa ijoon kunooti: 1. Misooma Pirojektoota Gurguddoo Mootummaan Ida’amuu meeshaa guddaa Tuurizimii haaraa uumuuf pirojektoota gurguddoo ijaaruu fi babal'isuu irratti xiyyeeffateera. Pirojektoota Dinagdee Magariisaa: Paarkii Inxooxxoo : Bosona Inxooxxoo isa dagatamee onee ture haaressuunii fi miidhagsuun simboo itti horuun danda’ameera. Paarkii Tokkummaa fi Michoomaa (Friendship & Unity Parks): Finfinnee keessatti masaraa mootummaa fi naannoo sana gara paarkii uumamaa fi seenaa biyyaa agarsiisutti jijjiiruun bakka gahumsa Tuurizimii magaalaa guddaa uumera. Golambaa Saayinsii Biyyaalessaa : Saayinsii fi teknolojii paarkii haroowwan uumamaa fi arkitakchara ammayyaatiin utubamee turistoota hawwachaa jira. Inisheetiivii Maaddii Biyyaaf : Inisheetiivii kanaan maallaqa walitti qabameen pirojektoonni turizimii naannolee garaa garaa keessatti ijaaramaniiru: Gorgoraa (Gondar - Naannoo Amhaaraa): Haroo Xaanaatti fayyadamuun bakka bashannana ammayyaa ijaaruun danda’ameera. Koyishaa (Naannoo Kibbaa Lixa Itiyoophiyaatti argama): Hawwata uumamaa fi misooma paarkii giddugaleessa godhatedha. Laga Oomoo irratti ijaaramuun isaa simboo addaa akka gonfatu isa taasiseera. Wancii: Naannoo Oromiyaa Shawaa Kibba Lixaatti argama. Mootummaan Ida’amuu naannoo Haroo Wancii misoomsuun hawaasa naannoo sanaa fayyadama taasisuun dabalatatti bakka gahumsa turistootaa taasiseera. Piroojektiin kuni inisheetivii Maaddiin Biyyaaf jalatti hojjetame. Qonnaan bultoota haala rakkisaa keessa jiraachaa turan gara diinagdee itti fufinsa qabuutti ceesisuun manneen jireenyaa ammayyaan ijaarameefii madda galii isaaniis ta’eera. 2. Turizimii Aadaa, Seenaa fi Uumamaa Haaromsuu Itiyoophiyaan teessuma lafaa, aadaa fi seenaa uumamaatiin badhaatuu taatus, haalli ijaarsa dhaabbilee Tuurizimii hanqina qaba ture. Mootummaan Ida'amuu garuu kana sirreessuun Hambaaleen dhalootaa dhalootatti akka ce’aniif hojjeteera;kunis madda gahumsa Tuurizimii hawwataa ta’eera: Siidaawwan fi Seenaawwan Tursiisuu: Masaraawwan seenaa (Masaraa Mootii Jimmaa Abbaa Jifaar, Masaraa Faasiladas eerun ni danda’ama); kunniinis suphamanii haala hammayyaatiin seenaa isaanii osoo hin gadhiisiin tursiisuudha Bakkeewwan dagatamanii turan haaromsuu: Fakkeenya Holqa soof umar. 3. Misooma Infirastiraakcharaa fi Wal-qunnamtii Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa: Daandiin qilleensaa biyya keessaa fi alaatti balali'insa babal'isuun, dirreewwan balali'insa biyya keessaa (filanoowwan ammayyaa fi buleeyyii haroomsuu) keessattuu bakka turizimii gurguddootti teeknoolojiidhaan deeggaramuun babal’isameera. ‘E-Visa’ fi Viiasan Biyya Seensaa (Visa on Arrival): Sirna viisaa daawwattoota alaa ammayyeessuu fi toora intarnetaatiin akka argatan gochuun odoo sa'aatii muraasa hin fudhatin biyya akka seenan dandeessiseera. 4. Turizimii Konferensii fi Magaalaa (MICE Tourism) Finfinnee magaalaa teessoo Gamtaa Afrikaa fi Koomishiniin Dinagdee Afrikaa ta'uu isheetiin mootummaan turizimii konferensii waltajjiiwwan irratti xiyyeeffateera. Hoteeloota sadarkaa addunyaa (International Brand Hotels) haaraa banuu fi deeggaruun bu’aan olaanaan galmaa’eera. Waltajjiiwwan adda addaa mijeessuun Itiyoophiyaa giddugaleessa Yaa'ii fi Konfiraansii idil Addunyaa gochuun danda’ameera. 5. Guddinni damee Tuurizimii Itiyoophiyaa yeroo ammaa kan osoo hin daangeffamin saffisaan mul'achaa jiru fi diinagdee biyyattii utubaa cimaa ta'ee itti jijjiiramaa jiru dha. Mootummaan falaasama Ida'amuu hordofuun tuurizimii akka utubaa dinagdee dam-daneessaa shanan keessaa tokko godhee xiyyeeffannoo addaa kenneera. Milkaa'ina fi guddina damee kanaan galmeeffamaa jiran qabxiilee gurguddoo ,Galii fi Yaa'insa Tuuristootaa dabaluu Tuuristoota Alaa: Waggaa baajataa dhiheenya kana xumurame keessatti daawwattoonni alaa miliyoona 1.4 ol Itiyoophiyaa daawwataniiru. Kunis waggoota darban waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu guddina olaanaa agarsiiseera. Galii Sharafa Alaa: Damee kanaan galiin sharafa alaa doolaara Ameerikaa biliyoona 5.2 ol akka argame Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsuun isaanii ni yaadatama. Tuurizimii Biyya Keessaa: Sosochiidhaan daawwattoonni biyya keessaa miliyoona 50 ol ta'an naannolee garaagaraa daawwachuun dinagdee naannoo kakaasaniiru. Carraa Hojii: Dameen Tuurizimii carraa hojii lammiilee hedduuf uumeera. #Ena-Afaan -Oromoo #Ena#
Saayinsii fi teeknooloojii
Appilikeeshinichi galmoota imala dijitaalaa Itiyoophiyaa bara 2030 dhugoomsuuf gumaacha ni taasisa - Injiinar Taakkalaa Uumaa
Sep 4, 2026 780
Hagayya 29/2018(ENA): Dhaabbanni Geejjiba Galaanaa fi Loojistiksii Itiyoophiyaa appilikeeshinii Diijitaalaa tajaajila isaa caalmaatti si’oomsu ifoomseera. Appilikeeshinichi maamiltoonni bakka jiranii tajaajila dhaabbatichaa kamiiyyuu akka argatan kan dandeessisu Appilikeeshinii Diijitaalaa haaraa ta’uutu ibsame. Eegaluun appilikeeshinii dijitaalaa kun galmoota imala dijitaalaa Itoophiyaa bara 2030 dhugoomsuuf milkaa’ina guddaa akka ta’e miseensi Boordii Geejjibaa fi Loojistikii Galaanaa Itiyoophiyaa fi hoji gaggeessaan Dhaabbata Aksiyoona Geejjibaa Baaburaa Itiyoo-Jibuutii Injinar Taakkalaa Uumaa himaniiru. Appilikeeshinichi guyyoota torbanii tajaajila sa’aatii 24 kennuuf dandeessisa jedhan. Teeknooloojiin misooma hunda galeessa biyyattii saffisiisuuf wantoota barbaachisaan keessaa ijoo Injinar Taakkalaa Uuman himaniiru. Badhaadhina Itiyoophiyaa dhugoomsuuf damee Loojistiksiif ulaa Galaanaa qabaachuun diqrama akka ta’e hubachiiniiru. Tajaajilli dijitaalaa ifoome kun, imala Diijitaal Itiyoophiyaa 2030 milkeessuuf tarkaanfii tokko ta’uu eeraniiru Tajaajila si’ataa, ammayyaa fi uwwisa tajaajilaa bal’isuun hanqinaalee turan furuu keessatti appilikeeshinii gahee olaanaa akka qabu ta’uu Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Dhaabbatichaa Injinar Abduulbar Shamsuun ibsaniiru. Hojiin teeknooloojii dijitaalaa cimsuu akka addunyaatti dorgomaa taasisuu fi tajaajila bu’a qabeessa ta’e akka kennu kan itti fufu ta’uus ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #Ena#
Tajaajilli Immigireeshinii fi Lammummaa sirna hojii isaa ammayyeessuun tajaajila saffisaa fi mijataa kennuu irratti argama -Obbo Tamasgeen Xurunaa
Sep 3, 2026 574
Hagayya 28/2018 (ENA) Tajaajilli Immigireeshinii fi Lammummaa sirna hojii isaa ammayyeessuun tajaajila saffisaa fi mijataa kennuu irratti kan argamu ta’uusa Ministirri Muummee Itti Aanaan Obbo Tamasgeen Xurunaa dubbatan. Ministirri Muummee Itti Aanaan Obbo Tamasgeen Xurunaa, Waajjira Muummee Tajaajila Immigireeshinii fi Lammummaatti argamuun hojiiwwan dhaabbatichaa daawwataniiru. Obbo Tamasgeen Xurunaa, daawwannaa isaaniin hojiiwwan maxxansa paaspoortii, tajaajila lammiilee biyyoota alaa fi kenniinsa tajaajila dhaabbatichaa waliigalaa daawwataniiru. Tajaajilli Immigireeshinii fi Lammummaa haaromsa addaa hojiirra oolchaa jiruun, sirna hojii isaa ammayyeessuun tajaajila saffisaa fi mijataa kennuu irratti argama. Humna namaa gahaa fi teeknooloojii fayyadamee of gurmeessuun, paaspoortii elektiroonikaa, viizaa, sanadoota imalaa, tajaajiloota lammiilee biyya alaa, akkasumas to’annoo daangaa lafaa fi qilleensaa dabalatee hojiiwwan hedduu bu’a qabeessummaan raawwachaa jira. Kunis, tajaajila saffisaa fi dhaqqabamaa lammiilee mirkaneessuu fi guddina biyyaalessaa itti fufsiisuuf mootummaan qajeeltoo Ida'amuu diriirsee hojiirra oolchu keessatti hiika addaa qaba.
Dijitaalli Itiyoophiyaa guddina dameelee hedduu dhufe irratti gumaacha olaanaa taasiseera
Sep 2, 2026 503
Hagayya 27/2018 (ENA): Hojiirra oolmaan Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa guddinaa fi milkaa’ina dameelee hedduu keessatti galmaa’eef gumaacha olaanaa akka qabu ogeeyyiin damee kanaa ibsaniiru. Itiyoophiyaan Raawwii Tarsiimoo Dijitaalaa bara 2025 milkaa’inaan xumuruun gara marsaa biraatti ce’uun Tarsiimoo Dijiitaalaa bara 2030 hojiirra oolchaa jirti. Hojiirra oolmaan tarsiimoo damichaan guddina olaanaa galmeessisuun hojiirra oolmaa fi haaromsa dijitaalaa dameelee adda addaa keessatti boqonnaa guddaa baneera. Dhimma kana irratti hayyoonni ENA waliin turtii taasias akka jedhanitti, hojiirra oolmaan Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa guddinaa fi milkaa’ina dameelee hedduu keessatti argameef gumaacha olaanaa taasiseera. Guddinni damichaa kallattiinis ta’e al-kallattiin hojii qabatamaa dameelee adda addaa keessattuu barnootaa fi fayyaa waliin kan walqabatu ta’uu hayyoonni kunneen eeruun, barnootaa fi fayyaa dabalatee dameewwan tajaajilaa adda addaa keessatti bu’aa qabatamaa ta’e fiduu danda'niiru jedhan. Yuunivarsiitii Dillaatti Daarektarri walitti hidhaminsa Industirii fi cehumsa Teeknooloojii Doktar Addisuu Faranjoo waggoota muraasa darban ijaarsa irraa kaasee hanga hojiirra oolmaa bu’uuraalee misoomaa dijitaalaa hojiin mootummaan hojjetee fi bu’aan argame dinqisiisaa ta’uu ibsaniiru. Faayidaa adda baasuun, tajaajilli dhaabbata tokkoo Ministeera Maallaqaa fi hojiiwwan qabatamaan kanaan walqabatan biroo lammiileen tajaajila saffisaa akka argataniifi malaammaltummaa akka ittisan taasiseera jedhan. Akkasumas leenjiin Itiyoo Koodarootaa dargaggoonni keessumaa dargaggoonni damee kanarratti beekumsa akka horataniifi dorgomtoota gahumsa qaban ta’uun carraa hojii akka uumuuf gargaareera jedhan. Akka biyyaattis tajaajiloonni masoob fi faayidaan hojiirra oolaa jiru bu'aa olaanaa galmeessisaa jira jedhan. Tajaajilli yunivarsiitichaa hedduun karaa dijitaalaa kan raawwatamaa jiru ta’uu eeruun, dandeettii kalaqaa dargaggoonni damee kanarratti qaban guddisuuf leenjiin gama bulchiinsa humna namaa fi roobootikii irratti kennamaa akka jiru hubachiisaniiru. Yunivarsiitichatti barsiistuu fi qorattuu saayinsii kompiitaraa fi itti gaafatamtuu damee Dijitaalaazaayizeeshinii Tajaajila Hawaasaa fi Pirojektoota Alaa kan ta’an Sennaayit Mootii, hojiirra oolmaa Dijitaalaa Itiyoophiyaa sirna faayinaansii, tajaajilaa fi dameewwan biroo keessatti dandeettiin uumame olaanaa ta’uu ibsaniiru. Sirni dijitaalaa kenniinsa tajaajilaa fi akkaataa jireenyaa ta’aa akka jiru, ergaa waljijjiiruu irraa kaasee hanga tajaajila kamiyyuu waraqaa malee kennuu fi fudhachuutti hojiin tajaajila kamiyyuu babal’achaa akka jiru hubachiisaniiru. Dhaabbileen barnoota olaanoo hubannoo hawaasaa damee kanaa guddisuun wiirtuu hojiirra oolmaa dijitaalaa damee kanarratti ta’uun Dijiitaalaa 2030 dhugoomsuuf hojjechaa jiraachuus hubachiisaniiru. Hojiirra oolmaan Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa bara 2025 damee dinagdee, hawaasummaa fi bulchiinsaa biyyattii keessatti jijjiirama bu’uuraa fi tarkaanfataa fiduun isaa ni beekama. #Ena Afaan Oromoo #Ena#
Ejensiin Geejjiba Oromiyaa leenjii ORO-Tikeetii irratti caasaa isaaf kenne
Sep 1, 2026 608
Hagayya 25/2018 (ENA) : Ejensiin Geejjiba Oromiyaa leenjii ORO-Tikeetii irratti caasaa isaa sadarkaan jiraniifi Waldaalee Geejjiba deddeebisa uummataaf kenneera. Itti Aanaa Hogganaa fi Itti Gaafatamaan Damee Mirkaneessa dhiyeessaa fi bobbii geejjibaa Obbo Dirribaa Magarsaa waltajjii kana irratti ORO- Tikeetiin konkolaataa sirnaan hogganuun tajaajilaa Geejjiba Naannicha ammayyeessuufi shoora olaanaa akka qabu kaasaniiru. Akkasumas Itti Aanaa Hogganaa fi Itti Gaafatamaan Damee Mirkaneessa Nageenya Tiraafikaa Obbo Lachiisaa Hayyuu waltajjii kana irratti yaada kanneen leenjii kana fudhattanii imaanaa mootummaa fi ummanni isaanitti kenne harcaatii tokko malee akka hojiirra oolchan dhaamaniiru. Obbo Lachiisaan tajaajila geejjibaa ammayyeessuun dhimma filannoo hin qabne ta'uu kaasuun ORO-Tikeetii hojiirra oolchuun to'annoo daandii fi buufata qulqullina qabu gaggeessuu, komii hawaasaa xiqqeessuu, Balaa Tiraafikaa hir'isuufi kan gargaaru ta'uu dubbataniiru. Hogganaan Ejensii Geejjiba Oromiyaa Obbo Kamaal Maammee Kallattii hojii kennaniin akka ibsanitti, Dameen geejjibaa seektara yeroo yeroon tajaajilli isaa ammaayyaa'aa deemu ta'uu dubbataniiru. Teekinoloojiin ORO-Tikeetii cabinsa sirna Tajaajila geejjibaa komii hawaasaaf sababa ta'e maqsuufi akka gahee qabu himaniiru. Hawaasni keenya tajaajila geejjibaa isaa malu akka argatu beekumsaan hoogganuun dirqama akka ta'e kaasaniiru. ORO-Tikeetiin seeran Alummaa Bobbii Geejjibaa wal qabatee mudatu hundeerraa jijjiiruufi shoora akka qabu kaasuun, qaamolee itti gaafatamummaa itti kenname sirnaan hin raawwanne irratti tarkaanfii Seeraa fi bulchiinssaa barsiisaa ta'e kan fudhatamaa jiruu fi kan fudhatamu ta'uu dubbataniiru. Xumura irratti Leenjii fudhatan kana Caasalee Geejjiba Sadarkaan jiranuuf akka kennanuu fi hojiirras akka oolchan cimsaanii dhaamanii jiru. kanamales Leenjiin kennamu,Teeknolojiin hojiirra oolfamu kamuu Tajaajila Geejjibaa Hawaasa keenya kennamuuf galmi isaa komii hawaasa keenya hir'isuu fi itti quufinsa tajaajila geejjibaa kennamu sirnaan mirkaneessuu akka ta'e keesumattuu Darbaa fe'uu,Taarifaa olkafalchiisuu fi alseerummaa Geejjiba keessatti mul'atan kamuu maqsuu akka ta'e hubachiisuun galma kana qabatanii akka hojiirra oolchan cimsanii dhaamaniiru.
Ispoortii
Guyyaa jalqabaa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa bara dorgommii haaraattti
Sep 8, 2026 124
Qaammee 3/2018(ENA): Dorgommiiwwan kubbaa miilaa addunyaa gurguddoo keessaa tokko kan ta'e Shaampiyoonsi Liigiin Awurooppaa turtii ji'ootaa booda har'a eegalama. Dorgommichi bifa haaraan gaggeeffamuu erga jalqabee kun bara dorgommii 3ffaadha. Dorgommichaan har'a taphoonni jaha yoo taphataman, galgala sa'aatii 4:00tti taphni Riyaal Maadriid, Intarmiilaan waliin Saantiyaagoo Barnaabaawoo irratti taphatu xiyyeeffannoo argateera. Shaampiyoonaan dorgommichaa yeroo 15'n Riyaal Maadriid, waggoota lamaan darban waancaa irraa fagaatee turus, kilabicha irra deebiin leenjisummaan kan fudhatan Joosee Mooriinoo fi kilabichatti kan makame taphataa akka Kiliyaan Mbaappeefaa qabatee bara dorgommichaa eegaleera. Shaampiyoonii Awurooppaa yeroo 3 kan ta'e Intarmiilaan dorgommii baraa haaraa Seeri ‘A’ Itaaliitiin taphoota jalqabaa sadi injifachuu danda'eera. Shaampiyoonsi Liigiin waancaa isaa jalqabaa kan fudhate garuu waggoota 16 dura akka lakkoofsa awurooppaa bara 2010 Leenjisaa Riyaal Maadriid ammaa Joosee Moriinoon wayita durfamu ture. Dorgommii Shaampiyoons Liigii kanaan Maanchester Siitiin gara Istaadiyoo De Diraagaawoo imaluun sa'aatii 4tti Poortoo waliin taphata. Kana malees Astoviilaan sa'aatii 1:45tti gara Siwiizarlaandi imaluun Kilab Biruuzhin waliin yoo taphatu, galgala sa'aatii 4:00tti Boruushiyaa Doortimundi ammoo Viyaariyaal keessummeessa
Tapha torbee sadaffaa Pirimeeyeer Liigii Ingilizii har'a gaggeeffamen Arsenaal yoo injifatu, Maanchister Yunaayitid qixa ba'e
Sep 7, 2026 251
Qaammee 1/ 2018(ENA) - Darbiin Landan 216ffaan olaantummaa Arsenaaliin xumuramun,Arsenaal galchii 2 fi 1'n Cheelsii injifateera. Kaayi Haavartiizii fi Maartiin Oodiigaardii galchiiwwan Arsenaal injifannoo goonfachiisan tokko tokko galchaniiru. Kanaanis Arsenaal piriimeer liigichaan taphoota 3 walitti aansuun injifateera. Moorgaan Roojarsi ammoo galchii tokkoottii Cheelsii injifatamuurraa hin oolchine galcheera. Liigichaan Cheelsiin ALA 2021 kaasee Arsenaal Injifate hin beeku. Liigichaan Tapha dursee gaggeeffamen Maanchister Yunaayitid Eevartoon waliin 2 qixa xumuraniiru. Biraan Mibeemoofi Beenjaamiin Sheeskoon galchii Yunaayitid yoo lakkoofsisan Taayirik Joorji fi Maatiilaand Naayiliis Eevartooniif goolii galchuun qixa bahaniira.
Piriimeer Liigii Ingilaandi Arsenaal Cheelsii keessummeessu haalaan eegama.
Sep 6, 2026 350
Qaammee 1/2018 (ENA): Piriimeer Liigii Ingilaandi Arsenaal Cheelsii keessummeessu haalaan eegama. Taphni Darbii Landan galgala sa'aatii 12:30 irratti Istaadiyeemii Emirates keessatti gaggeeffama. Arsenaal fi Cheelsiin garaagarummaa gooliitiin qabxii 6’n wal qixa, sadarkaa sadaffaa fi 4ffaa bahaniiru. Abbaan Dirree Arsenaal taphoota liigii lamaan irratti goolii 4 galchuun gooliin tokkollee isatti hin lakkaahamne. Kunis cimina garee kanaa, keessattuu ittisa isaa agarsiisa. Morkataan isaa Cheelsiin taphoota lama irratti goolii 7 kan lakkoofsise yoo ta'u, isaan keessaa shan isatti lakkaahamaniiru. Sochiin weeraraa Cheelsii gaarii ta'us, ittisa irratti dadhabina qaban sirreessuu qabu. Walmorkattoonni Landan lamaan liigii kanaan yeroo wal argan kun yeroo 69ffaadha. Taphoota 68 kanaan dura Arsenaal 28 yoo injifatu, Cheelsiin ammoo 20 injifateera.Taphoota 18 hafan qixaan xumuramaniiru. Arsenaal taphoota sanaan goolii 97 yoo galchu, Cheelsiin ammoo 85 galcheera. Arsenaal tapha liigii shanan darban keessaa sadii injifateera; kanneen hafan lama ammoo qixa ba'aniiru. Cheelsiin yeroo dhumaaf bara 2021 liigichaan Arsenaal injifate. Shaampiyoonaa liigii ammaa Arsenaal bara haaraa kana taphoota jalqabaa lamaan injifachuun haala gaariin duula isaanii eegalaniiru. Morkattoonni Cheelsiin jalqaba gaarii taasisaniiru, taphoota liigii isaanii lamaan injifachuun isaanii ni yaadatama. Kanaaf, taphi kilaboota Landan lamaan gidduutti taasifamu cimaa ta'a jedhamee eegama. Gaheessi Ganna 41 Kiriis Kaashaanaag tapha eegamaa kana Abbaa Mutree olaanaa ta’uun ni taphachiisu. Tapha biraatiin ammoo Evartan Istaadiyeemii Hiil Dikiinsan irratti Maanchistar Yunaayitid keessummeessa. Evartan taphoota lama irratti qabxii tokko qofa yoo qabaatu, morkataan isaa Maanchistar Yunaayitid ammoo qabxii sadii qaba. Torbee lammaffaa irratti Ipiswichi Town 5 fi 2’n injifate Maanchistar Yunaayitid walitti aansuun injifannoo isaa dheeressuuf kan taphatu ta'a.
Manchistar Siitiin Koventarii Siitii mo’achuun liigicha dursuu itti fufeera
Sep 5, 2026 486
Hagayya 30/2018 (ENA)- Sagantaa torban sadaffaa piriimar liigii Ingiliziin Manchistar Siitiin Koventarii Siitii 1 fi 0’n mo’ateera. Tapha Istaadiyeemii Itihaaditti gaggeeffameen Arliing Halaand daqiiqaa 26ffaatti gareesaaf galcheera. Taphataan sarara duraa umrii 26 waggaa dorgommii kanatti galchii sadii galcheera. Morkataan Manchisar Siitii Koventrarii Siitiin carraa galchii argate fayyadamuu hin dandeenye. Manchistar Siitiin qabxii sagal qabatee dursuu itti fufeera. Si’a sadii kan mo’ame Koventarii Siitiin qabxii malee sadarkaa 19ffaa qabatee sadarkaa gadii keessatti argama. Taphi darbii Manchistar Siitiin Manchistar Yunaayitid waliin torban afraffaatti taphatu hawwiin eegama. Koventarii Siitiin Biraayitan waliin ni taphata.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Afriikaan jijjiirama haala qilleensaaf furmaata gama barbaaduutiin qooda adda durummaa bahachuu qabdi-Kilaver Gateetee
Sep 7, 2026 326
Qaam’ee 2/2018 (ENA)- Afriikaan marii fi furmaata jijjiirama haala qilleensaa addunyaa irratti hirmaannaa cimaa bahachuu akka qabdu hojii raawwachiisaa olaanaan komishinii dinagdee Afriikaa Kilaver Gateetee ibsan. Yaa’iin jijjiirama haala qilleensaa fi misoomaa Afriikaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira. Yaa’iin kun mata duree “roodmaappii abdiirraa gara gochaatti; Yebellem-Antaaliyaa-Finfinnee” jedhuun gaggeeffamaa jira. Hojii raawwachiisaa olaanaan komishinii dinagdee Afriikaa Kilaver Gateetee wayita kana akka jedhanitti, gumaachi Afriikaan gadhiisii kaarboonii idil addunyaaf gumaachitu dhibbantaa afur ta’us garuummoo rakkoo guddaa baattee jirti. Dhugaank un seenaa miidhama Afriikaa ta’ee itti fufuu akka hin qabne dubbatanii Afriikaan dandeettii humna haaromfamaa guddaa, qabeenya albuudaa humna namaa dargaggoo fi gabaa guddachaa dhufutti gargaaramuudhaan sadarkaa idil addunyaatti furmaatilee qiyyaasuudhaan qooda adda duree bahachuu akka qabdu ibsaniiru. Afriikaan galmoota haala qilleensaa A.L.A amma bara 2030tti qabaman hojiirra oolchuuf wagga waggaan doolaara biiliyoona 277 ishee barbaachisus kan argachaa jirtu dhibbantaa 11 qofa jedhan. Har’allee Afriikaanonni miiliyoona 600 ol ta’an tajaajila elektiriikii waan hin arganneef humna haaromfamaa babal’isuun bu’ura dinagdee ta’uu qaba jedhaniiru.
Ashaaraan magariisaa dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaa ittisuudhaan qooda ijoo gumaachaa jira – Gamtaa Afriikaa
Sep 5, 2026 560
Hagayya 30/2018 (ENA) – Sagantaan Ashaaraa magariisaa dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaa ittisuu fi lubbu qabeeyyiin akka eegaman qooda ijoo gumaachaa akka jiru Gamtaa Afriikaatti daarektarri naannawa itti fufiinsa qabuu fi dinagdee Biluu Harsan Niyaambee ibsan. Daarektarichi turtii ENA waliin taasisaniin,ashaaraan magariisaa qilleensa qulqulluu dabalatee faayidaalee eegumsa sirna dachee argamsiisuun olitti, gadhiisii kaarboonii hir’isuudhaan hoo’a qilleensaa dabalaa deemu hir’isuuf akka gargaaru dubbataniiru. Lafti dhiqamee fi haalli uumama lafaa naannawaa akka bayyanatu gochuun miidhaa jijjiirama haala qilleensaa ittisuuf tattaaffii taasifamaa jiru keessatti qooda ijoo bahachaa akka jiru dubbataniiru. Walumaa gala ashaaraan magariisaa faayidaalee hunda galeessa hedduu kan qabu inisheetiivii biyyaalessaa ta’uu kaasaniiru. Biyyoonni Afriikaa jijjiirama haala qilleensaa ittisuurratti muuxannoo wal jijjiiruu akka qaban daarektarichi ibsanii; gama Kanaan rakkoolee eegumsa naannoorratti isaan mudatuuf furmaata kaa’uuf Itiyoophiyaarraa muuxannoo fudhachuu akka danda’an ibsaniiru. Itiyoophiyaanis muuxannoo mulkaa’aa kana biyyoota Afriikaa biroof qooduudhaan qooda adda durummaa bahachuu akka qabdu daarektarichi kaasaniiru.
Guyyoota kurnan dhufan keessatti naannolee biyyattii tokko tokkoo keessatti hamma rooba giddugaleessaa hanga cimaa ni argatu
Sep 3, 2026 549
Hagayya 27/2018 (ENA) — Guyyoota kurnan dhufan keessatti naannoleen dhihaa, kaaba-dhihaa, kibba-dhihaa fi giddugaleessa biyyattii hamma rooba giddugaleessaa irraa kaasee hanga rooba cimaatti argachuu akka danda’an Inistiitiyuutiin Meetirooloojii Itoophiyaa beeksise. Inistiitiyuutichi Ibsa ENAf ergeen akka beeksiisetti, guyyoota kurnan dhufan keessatti naannoleen dhihaa, kaaba-dhihaa, kibba-dhihaa fi giddugaleessa biyyattii rooba giddugaleessaa hanga cimaa ta’e ni argatu. Godinoonni Shawaa hundi, akkasumas Anyuwaak, Kafaa, Oomoo Dhihaa, Guraagee, Finfinnee fi Dirree Dhawaa, akkasumas godinoonni Tigiraay Dhihaa, Tigraay Kaaba-Dhihaa, Tigraay Giddugaleessaa, Tigraay Bahaa fi Tigraay Kibbaa, fi godinoonni Sidaamaa baay’een rooba salphaa hanga giddugaleessaa ta’e ni argatu. Naannolee baha, kaaba-bahaa fi giddugaleessa Itoophiyaa keessatti roobni hir’achaa kan deemu yoo ta’u, naannolee kibbaa fi kibba-bahaa biyyattii keessatti garuu faca'insi roobaa fi hamma isaatiin, kan duraa caalaa fooyya’aa ta’e ni argatu. Kanaaf, guyyoota kurnan dhufan keessatti naannolee adda addaatti roobni garaagarummaa qabaachuu waan danda’uuf, qonnaan bultoonnii fi jiraattonni odeeffannoo haala qilleensaa yeroo yerootti hordofuun barbaachisaadha. Inistiitiyuutichi, hawaasni naannolee rooba gannaa irraa fayyadaman, kanneen jiidhina salphaa, giddugaleessaa fi cimaa argatan, akkasumas naannolee qonnaa midhaanii, horsiisa bulaa fi gariin horsiisa bulaa keessatti argaman, haala qilleensaa kana hojii qonnaa isaaniif akka itti fayyadaman hubachiiseera. Kana malees, naannolee rooba giddugaleessaa fi cimaa argatan keessatti, lafa qonnaa gadi-bu’aa a irratti bo’oo bishaanii fi bo’oo dhangala’aa cufaman bananii hojii irra akka oolan gochuu, dhukkuba midhaanii fi aramaa dursee ittisuu, akkasumas lafa irraa biyyoo akka hin dhiqamneef tarkaanfiiwwan barbaachisan fudhachuu akka qaban hubachiiseera. Qonnaan bultoonnis yeroo yerootti daawwannaa maasii gochuun of-eeggannoo barbaachisaa akka taasisan gorsaniiru. Naannolee jiidhina salphaa hanga giddugaleessaa argatan keessatti immoo, jiidhina argamu sirnaan fayyadamuun, bishaan roobaa walitti qabuun yeroo bonaa itti fayyadamuun, bishaan lafa keessaa hurkaa’uu hir’isuuf hojiiwwan barbaachisan raawwachuun, akkasumas marga beeyiladaa sirnaan kunuunsuu fi tiksuu akka barbaachisu ibsameera. Inistiitiyuutichi dabalataan, haalli qilleensaa guyyoota kurnan walitti aanan itti fufu kun, laggeen fi bishaanota naannolee rooba gannaa irraa fayyadaman keessatti, dhangala’aan bishaanii lafa irra yaa’u hamma xiqqaa irraa kaasee hanga guddaatti uumamuu akka danda’u ibseera.
Misooma koriidaraa fayyadamummaa Lammiilee mirkaneessaa jiru
Aug 25, 2026 929
Magaalaa fi baadiyyaatti magaalota ammayyaa jireenya dhala namaaf mijataa ta’an, addunyaa yeroo ammaa madaalaan ijaaraa jirra jedhani Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad gaafa Misooma koriidaraa jalqabsiisan. Jireenya lammiilee jijjiiruuf misoomni Koriidarii daraan murteessaa ta’uu himanii gara hojiitti gaafa galamu hawaasni tokko tokko misooma kanarratti shakkii akka qabu eeruun,garuu erga misoomni koriidaraa jalqabamee naannoon miidhagaa taatee immoo hawaasni naannookeenyahoo misoomni koriidaraa maaf hanqate jechuun yeroon itti gaafatan dhiyoodha akkuma jedhanii ture uummanni misoomni koriidaraa naannoo isaa ykn magaalaa isaa hin geenye akka gahu gaafachaa jira. Kunis miidhagina magaalattii ykn baadiyichaa bakki misooma koriidaraa qaqqabe fayyadamummaa hawaasaa hedduutu hojiirra oola waan ta’eef lammiileen kanaan dura misooma kana irraa amantaa guutuu hin qabnellee itti amanee naannoo ofii miidhagfachuuf kutannoon ka’uu agarsiisaniiru. Misoomni koriidaraa jiruufi jireenya hawaasaa fooyyessuuf akka hojjetamus ibsameera. Kaayyoo Misooma Koriidaraa • Bu'uuraalee misoomaa ammayyeessuu • Bifaa fi miidhagina magaalotaa fi baadiyaa jijjiiruun hawwata turistii ta’uu • Tajaajila hawaasaa fooyyessuu • Dhiphina Tiraafikaa hir’isuun lubbuu lammiilee balaa Tiraafikaan gahuufi qabeenya barbadaa’u salphisuu danda’eera Seenaa hundeeffama Magaalota biyya keenyaa keessatti magaalonnii amala magaalaa ammayyaatiin kan hundeeffaman osoo hin taane akkuma barbaadametti ijaarsa gamoofi daangaa babal'ifannaa lafaa qofaaf kan hundeeffamaniifi qonnaan bulaa lafa isaa irraa buqqisuun magaalaa keessaa qarqaratti baasuun kan hunda'anidha. Magaalummaan Gamoo ijaaruufi babal'ifannaa lafaatiin osoo hin taane, fayyadamummaa hawaasa naannichaa mirkaneessuun aadaa, duudhaafi safuu uummatichaa qabatee guddachuu barbaachisa. Magaalaan jireenyaaf mijataadha, hawwataadha kan jedhamu magariisummaa, miidhagummaafi fedhii dhala namaa giddugaleessa godhateefi giddu gala saayinsiif teknoloojii, kalaqaa ta'uun roga hundaan yoo guddatedha. Addunyaa irratti magaalonni ammayyaa ta'an aadaa, duudhaafi safuu uummatichaa osoo hin gatiin guddina saayinsiifi teknoloojiin deeggaramuun kan guddatanidha. Magaalaan magaalonni biyya keenyaas yaadamaa magaalummaa hawaasa giddugala godhachuun kan ijaaramaa jiranidha. Kanaan dura magaalonni kunniin pilaaniin waan hin deeggaramneef amma immoo misooma koriidaraan magaalota ammayyeessuun kan jalqabame bubbuleera. Magaalaa ammayyaa’aa fi giddugala misooma hunda-galeessaa taasisuun guddina dinagdee, hawaasumma, siyaasaa fi aadaa uummatichaa utubuu keessatti hojiin misoomaa koriidarii murteessaadha. Misoomni Koriidarii haala guddina dinagdee fi qulqullina misoomaa Magaalaa biyya keenya madaaluun kaka’umsa ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin kan jalqabame yeroo ammaa bu’aa olaanaa fi jaalatamummaa guddaa argachaa jira. Hojiin Misooma Koriidarii misoomaa ammayyaa, hawwataa fi dorgomaa ta’e magaalichaatti diriirsuun ummata Magaalichaa bu’uuraalee misoomaan walitti hidhuun guddinaafi fayyadamummaa waloo mirkaneessuu, lammiileef carraa hojii uumuun ce’umsa beekumsaa fi teeknolojii magaalichaa keessatti kan fidudha. Magaalonni biyya keenyaa sadarkaa idil addunyaa isaanii eeggatanii akka ijaaramaniif misoomni koriidaraa shoora olaanaa bahachaa jira. Misoomni koriidaraa ka’umsa isaa magaalaa Finfinnee kan taasifate yoo ta’u, yeroo ammaa magaalaa fi maadiyaa kutaalee adda addaa qaqqabaa jira. Lammiileen misoomni koriidaraa isaan qaqqabes gammachuu isaanii ibsachaa warreen hafanis akka argatan hawwuufii jalqabani, fayyadamummaa isaa waan hubataniif. Magaalota naannoo Oromiyaa fi naannoolee biroottis misoomni koriidaraa hojjetame abdii guddaa biyyaaf ta’aa jiraachuu agarsiiftuuwwan hedduutu jiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena #
Gabaasa addaa
Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti - Itti aanaa Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa
Jun 9, 2026 18225
Waxabajji 2 /2018 (ENA): Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti jedhani itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan muummee ministiraa Pirojektoota misoomaa adda addaa magaalaa Woldiyaatti ijaaraman eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Yeroo eebba kanaatti pirojektoonni misoomaa eebbifaman imala biyyattiin gara fuulduraatti taasiftu kan agarsiisan yoo ta’u, guddinni Itiyoophiyaa eenyullee dhaabuu akka hin dandeenye kuni ragaadha jedhan. Itti aanaan ministira muummee kun ummanni magaalaa Woldiyaa finxaaleyyii fi qoqqoodinsa mormuudhaan kan beekamu ta’uu ibsuun, filannoon isaanii irra deddeebiin nagaa fi mootummaa cimaa ta’uu isaa kan argisiisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan baandota irratti qabsaa’aa jira jedhani. Waggoota 50 fi 60 darbaniif warri yaada dulloomaatiin qabaman guddina ariifataa biyyattii hubachuu akka hin dandeenyes ibsaniiru. Warri bosona keessa jiran jijjiirama guddaa biyyatti dhufe kan akka misooma koridarii, maaddii guutuu, pirojektoota misoomaa fi oomisha qamadii arguu akka hin dandeenye dubbataniiru. Misoomni koridarii magaalota keessatti gaggeeffamaa jiru dhimma bareedinaa qofa osoo hin taane magaalota ammayyeessuun sadarkaa jireenyaa ummataa ol kaasuuf kaayyoo ta’uu ibsaniiru. Magaalonni Itiyoophiyaa magaalota Baha Afriikaa fi addunyaa waliin dorgomuu akka qaban ibsaniiru; akkasumas tajaajila ammayyeessuuf tajaajilli giddugala tokkoo guutuu biyyattiitti babal’achaa akka jiru hubachiisaniiru. Manneen kitaabaa ummataa, manneen kitaabaa dijitaalaa fi kaffeewwan saayinsii magaalaa Woldiyaatti ijaaraman odeeffannoo guyyaa guyyaa irraa gara beekumsaa fi qorannoo gadi fagootti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan, abbootii qabeenyaa fi ummanni pirojektoota misoomaa eegalaman gara baadiyyaatti babal’isuun badhaadhina biyyattii dhugoomsuuf waliin hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 17069
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.