Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Naannichatti teeknooloojii qonnaa bal’inaan fayyadamuun oomishtummaa guddisuuf xiyyeeffannoon kennameera
Jun 5, 2026 33
Caamsaa 28/2018 (ENA): Lafa qonnaa babal’isuun alatti, itti fayyadama teeknooloojii qonnaa Naannoo Oromiyaa keessatti dabaluudhaan oomishtummaa guddisuuf xiyyeeffannoon kennamee jiraachuun ibsameera. Godina Iluu Abaa Booraatti qonni Gannaa haalaan kan itti fufe yoo ta’u, har’as hojiin lafa qophaa’e sanyii boqqollootiin uwwisuu aanaa Dooraniitti eegalameera. Akka Hogganaan Biiroo Jallisii fi Misooma horsiisee bultootaa Naannoo Oromiyaa Injiinaar Girmaa Raggaasaa himanitti qonni Bonaa fi Gannaa naannichatti bal’inaan hojjetamaa jira jedhani. Keessattuu waggoota muraasa darbanitti naannichatti misooma jallisii irratti bu’aa gurguddaan argamuu eeruun, ijaarsi hidhaalee misooma jallisii xixiqqaa fi giddu galeessaa cimee hojjetamuu ibsaniiru. Wabii nyaataa mirkaneessuun irra caalaa qonna babal’isuudhaan galma gahuu akka danda’u kan ibsan Injinar Girmaan, naannichatti misooma qamadii Bonaarratti milkaa’inni guddaan galmaa’uu ibsaniiru. Kunis duudhaa kanaan dura waggaatti al tokko oomishamu ture fooyyessee, qonna Gannaaf dandeettii dabalataa uumeera jedhan. Yeroo oomishaa dhufutti lafa misooma qonnaaf oolu danda’u qotuu fi makaanaayizeeshinii qonnaatti fayyadamuun oomishtummaa guddisuuf xiyyeeffannoon kennameera jedhan. Akkasumas Godina Iluu Abaa Booraatti qonna Gannaatiin lafti heektaara kuma 389 midhaan gosa adda addaatiin uwwifamaa jiraachuu ibsaniiru. Hojiin qonna kilaastaraan aanaalee Godinichaa keessatti sanyiidhaan uwwisuu cimee itti fufuus eeraniiru. Dhiyeessiin makaanaayizeeshinii qonnaa omishtummaa guddisu godinaalee hunda keessatti dabalaa jiraachuu eeraniiru. Qonna Gannaa tiraaktaraatiin qotuuf xiyyeeffannoon kennameera jedhan. ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Gamtaan Afriikaa fi Chaayinaan tumsa tarsiimoo cimsuuf kutannoo qaban agarsiisani
Jun 5, 2026 138
Caamsaa 28/2018 (ENA): Gamtaan Afrikaa fi Chaayinaan tumsa tarsiimoo isaanii daran guddisuuf akka hojjetan beeksisan. Dura taa’aan Komishinii Gamtaa Afrikaa Mahammuud Alii Yuusuuf waajjira isaaniitti Hogganaa Ergama Chaayinaa Gamtaa Afrikaatti Ambaasaaddar Jiyaangi Feengi simataniiru. Dura taa’aan Gamtaa Afrikaa fi Ambaasaaddarichi marii isaanii keessatti tumsa tarsiimoo Gamtaa Afriikaa, Chaayinaa fi dhimmoota dantaa waloo qaban irratti mari’ataniiru. Marii kanarratti hojiiwwan Fooramii Tumsa Chaayinaa-Afriikaa (FOCAC) jalatti hojjetaman dabalatee walta’iinsa tarsiimoo yeroo dheeraa ardii kanaa fi Chaayinaa gidduu jiru daran cimsuu danda’an irratti mari’ataniiru. Akkasumas Chaayinaan dursa misoomaa Afrikaaf deeggarsa taasisuu fi qormaata haaraa waliin ta’uun furuuf hojii itti fufee jiru irratti yaada wal jijjiiraniiru. Dura taa’aan kun Chaayinaan Afriikaa waliin tumsa itti fufuu ishee eeruun, keessumaa duula weerara Iboolaa to’achuuf geggeeffamaa jirutti deeggarsa ariifataa fi yeroon taasifte dinqisiifannaa isaanii ibsaniiru. Qaamonni lamaan tumsa dinagdee irrattis kan mari’atan yoo ta’u, jalqabbii daldala qaraxa irraa bilisa ta’e Chaayinaan al-ergii Afriikaaf taasiftu xiyyeeffannoo ijoo ta’eera. Galmoota Ajandaa 2063, daandii misooma yeroo dheeraa ardii kanaa galmaan ga’uuf tumsa walfayyadu cimsuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru. Qaamonni lamaan qajeeltoowwan birmadummaa, daangaa fi michummaa biyyootaa irratti kutannoo cimaa akka qaban ibsaniiru. Nageenya Ardichaa, misoomaa fi badhaadhina waloo ardii kanaa mirkaneessuuf tumsi gamtaa Afriikaa fi Chaayinaa cimaa uumuun barbaachisaa ta’uu ibseera odeeffannoon ENA’n Gamtirra irraa argate. ENA_Afaan_Oromoo #ENA  
Filannoon Waliigalaa Torbaffaa Hirmaannaan Lammiilee Dabaluu fi Dandeettiin Boordii Filannoo Biyyaalessaa guddachaa dhufuusaa kan agarsiisedha
Jun 5, 2026 152
Caamsaa 28/2018 (ENA): Filannoon Waliigalaa Torbaffaa Hirmaannaan Lammiilee Dabaluu fi Dandeettiin Boordii Filannoo Biyyaalessaa guddachaa dhufuusaa kan agarsiise ta’uu Manni Maree Jaarmiyaalee Hawaasa Siivilii Itiyoophiyaa ibseera. Manni Marichaa bu’uura Labsii Lakk. 1113/2011tiin Dhaabbilee waldaalee siivikii Abbaa Taayitaa Dhaabbilee Waldaalee Siivilii FDRI’n galmaa’anii fi beekamtii argatan bakka bu’uun Itiyoophiyaa keessatti akka socho’u hayyamni kennameefii jira. Pirezidaantiin Mana Marichaa Ahimad Huseen ENA’tti akka himanitti; Manni Marichaa Filannoon Waliigalaa Torbaffaa nagaa, dimokiraatawaa fi haqa qabeessa akka ta’u gochuu keessatti gahee isaa ba’eera jedhani. Yeroo filannoon duraattis waltajjiiwwan paartileen siyaasaa wal falmanii fi iftoomina akka qabaataniif haala mijeessuun barnootaa fi hubannoo filannoo uumuun akka danda’ame yaadachiisaniiru. Taajjabbii filannoo waliigalaa torbaffaa eeruun, filannoon kun adeemsa nagaa fi dimokiraatawaa ta’ee fi lammiileen baay’inaan kan hirmaatan ta’uu ibsaniiru. Ummanni Itiyoophiyaa ganama sa’aatii 12:00 hanga galgala sa’aatii 6:00tti buufataalee filannoo adda addaatti obsaan fi dammaqinaan sagalee kennuu isaa mirkaneessanii jiru. Akkasumas, manguddoota, qaama miidhamtoota, dargaggootaa fi dubartoota dabalatee lammiileen hedduun filannoo kana irratti sagalee isaanii akka kennan ibsaniiru. Ijaarsi sirna dimokiraasii Itiyoophiyaa suuta suutaan guddachuu fi hirmaannaa hunda hammate dagaagsuu kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru. Pireezidaantichi itti dabaluudhaan filannoon kun akka milkaa’uuf mootummaan, paartileen siyaasaa, miidiyaaleenii fi qooda fudhattoonni biroo gahee isaanii ba’aniiru jedhan. Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa dhaabbilee dimokiraasii fi haqaa cimsuu irratti xiyyeeffannaa kennuuf fakkeenya tokko ta’uu eeraniiru. Filannoon waliigalaa torbaffaa milkaa’inaan akka xumuramuuf gumaacha inni gumaache kaasuun dandeettiin Boordichi of danda’ee fi loogii malee raawwachuu guddachaa dhufuu isaa ibsaniiru. Filannoon mul’ata ijaarsa sirna dimokiraasii ta’uu kan ibsan Pirezidaantichi, aadaa siyaasaa fi mootummaa dimokiraatawaa ijaaruuf meeshaa ijoo ta’uu himaniiru. Itiyoophiyaa keessatti aadaa dimokiraasii cimsuuf tumsi qaamota hundaa murteessaa ta’uu ibsaniiru. ENA_Afaan_Oromoo #ENA  
Kan mul'ate

Leenjichi michummaa biyyoota lamaanii daran cimsuuf gargaara
Jun 5, 2026 160
Caamsaa 28/2018 (ENA): Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutii Dhimma Alaa Jaafar Badiruu leenjiin inistiitiyuutichi qopheesse hariiroo biyyoota lamaanii sadarkaa olaanaatti ol guddisuu fi michummaa waaraa daran cimsuuf kan gargaaru ta’uu ibsaniiru.   Inistiitiyuutiin Dhimma Alaa Itiyoophiyaa fi Sudaan Kibbaa walta’iinsa naannoo, ijaarsa dandeettii fi hariiroo tarsiimoo cimsuuf kaayyeffatee dippilomaatota Sudaan Kibbaaf leenjii dippilomaasii sadarkaa olaanaa kennuu eegaleera. Leenjiin kun itti fayyadama qabeenya, Paan Afrikaanizimii, akkasumas dhimmoota idil-addunyaa fi naannoo irratti kan xiyyeeffate ta’uun isaas hubatameera. Kanuma waliin Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutichaa Jaafar Badiruu eenyummaa seenaa, aadaa, afaaniifi eenyummaa daangaa ce’aa Itiyoophiyaa fi Sudaan Kibbaa yaadachiisaniiru. Biyyoonni lamaan michummaa fi ollummaa cimaa akka qaban kan hubachiisan yoo ta’u, egeree waloo cimaa bocuuf murteessaa ta’uu isaanii mirkaneessaniiru. Leenjichi hariiroo biyyoota lamaanii sadarkaa olaanaatti ceesisuu fi michummaa waaraa daran cimsuuf gumaacha olaanaa taasiseera jedhan. Itti dabaluunis leenjiin kun ga’ee dippilomaatota tumsa naannoo fi hariiroo biyyoota lamaanii keessatti qaban irratti hubannoo bal’aa fi faayidaa qabu kan kennu ta’uu ibsaniiru. Akkasumas, dippilomaatonni itti fayyadama qabeenya waliinii, Paan Afrikaa fi dhimmoota idil-addunyaa fi naannoo keessatti gahee guddaa waan qabaniif, dhimmoota waloo irratti waliin dhaabbachuu akka qaban dubbataniiru. Itiyoophiyaatti Imbaasii Sudaan Kibbaa Itti Aanaan Ambaasaaddara Took Deengi leenjiin kun ijaarsa dandeettii fi muuxannoo waljijjiirraa dammaqinaan uumuu qofa osoo hin taane, walta’iinsaa fi walitti dhufeenya seenaa gadi fagoo Iityoophiyaa fi Sudaan Kibbaa daran kan cimsu ta’uu ibsaniiru. ENA_Afaan_Oromoo #ENA

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa

Shira filannoo gufachiisuuf yaadame fashaleessuun hojiin nageenyaa birmadummaa biyyaa mirkaneesse hojjetame
Jun 4, 2026 1359
Caamsaa 27/2018(ENA): Shirri filannoo waliigalaa 7ffaa gufachiisuuf diinota keessaafi alaan qindaa’e fashaleessuun hojiin nageenyaa birmadummaa biyyaa mirkaneesse hojjetameera jedhe Humni Waloo Nageenyaafi Tasgabbii. Humni Walichaa raawwii nageenya filannoo gamaaggamuun adeemsa itti aanan irratti kallattii kaa’eera. Komishinarri Jeneraalaa Poolisii Federaalaa Dammallaash Gabramikaa’el wayita kana akka himanitti, Humni Walichaa akka biyyaatti hojiilee filannoon duraa, waqtii filannoofi filannoon boodaa irratti karoora baasuun qindoominaan hojjechaa jira jedhan. Filannichi karaa nagaa qabeessa ta’een gaggeeffamuun isaa hojiileen riifoormii waggoottan jijjiiramaa darban dhaabbilee nageenyaa irratti hojjetaman dhaabbilee nageenyaa qabatamaan ergamawwan gurguddaa gahumsaan bahachuu danda’an uumamuu agarsiisa jedhaniiru. Hojiin nageenyaa fi tasgabbii shira diinota keessaa fi alaan qindaa’e fashaleessee fi birmadummaa biyyaa mirkaneesse akkasumas bu’aa riifoormichaa qabatamaan agarsiise hojjetamuu eeraniiru. Uummanni hirmaannaa tokkummaa fi birmadummaa cimsu hojjechuu eeraniiru. Humni Waloo Nageenyaa fi Tasgabbii oppireeshiniin shororkeessitootaa fi finxaaleyyii irratti eegalame yeroo itti aanuttis cimee kan itti fufu ta’uu ibseera. Yeroo itti aanutti taateewwan uummataafi mootummaa milkaa’inaan akka xumuramaniif hojiileen tasgabbii cimanii akka itti fufaniif kallattii kaa’eera. #Itiyoophiyaan_Filatteetti #Itiyoophiyaan Mo’atteetti #Filannoo #ENA #ENA_Afaan_Oromoo
Filannoon Waliigalaa nagayaa, dimokiraatawaa, hirmaachisaa fi injifannoo Itiyoophiyaa kan agarsiisedha – Gamtaa Mana Maree
Jun 4, 2026 960
Caamsaa 27/2018 (ENA) – Filannoon waliigalaa Itiyoophiyaa torbaffaan nagaa, dimokiraatawaa, hirmaachisaa fi injifannoo Itiyoophiyaa kan mirkaneesse ta'uu Gamtaan Mana Maree Paartilee Siyaasaa Naannoo Oromiyaa beeksise. Gamtaa Mana Maree Paartilee Siyaasaa Naannoo Oromiyaa walga’ii ariifachiisaa gaggeessuun ibsa ejjennoo baaseen, filannichi nagaa, dimokiraatawaa fi hirmaachisaa ta'ee gaggeeffamuu ibseera. Barreessaan Gamtaa Mana Marichaa Obbo Taarikuu Dinbaruu yeroo ibsa ejjennoo sana dhiyeessan akka jedhanitti, filannoon baranaa qophii jalqabaarraa kaasee adeemsi baay’ee fooyya'aan kan keessatti mul’ate ture. Adeemsi filannichaas nagaa, dimokraatawaa fi ummatni bilisaan sagalee isaa kan kennedha jedhaniiru. Gamtaan Mana Maree Paartilee Siyaasaa Oromiyaa filannoon waliigalaa torbaffaan hirmaachisaa fi Itiyoophiyaa kan injifachiise, adeemsa seena qabeessaa fi nagaa ta'uu dubbataniiru. Guyyaa sagaleen kennamaa ture sanatti ummatni naannichaa guutuun ganama barraaqaa kaasee hamma halkan walakkaatti obsaan hiriiree sagalee kennuun cichoomaa fi kutannoon argisiise baay'ee kan dinqisiifamudha jedhaniiru. Naannoo Oromiyaatti filannichi milkiidhaan fi nagaan akka xumuramuuf lammiilee,qaamolee nageenyaa, paartilee siyaasaa dorgomtoota, dhaabbilee hawaasa siivilii fi raawwachiiftota filannoof gahee isaanii gumaachaniif galateeffataniiru. Gamtaan Mana Marichaa guutummaa adeemsa filannichaa keessatti xiyyeeffannoodhaan socho'uun gahee isaa bahachuu ibsa ejjennoo isaaniitiin mirkaneessaniiru. Filannichi haala nagaa, dimokiraatawaa fi milkaa'aa ta'een akka xumuramuuf Gamataan mana maree waliin ta'uu fi kutannoodhaan hojjachaa akka ture ibseera. Filannoo waliigalaa torbaffaa kanaanis Itiyoophiyaanonni sirna dimokiraatawaan alatti abbaa aangoo ta'uun akka hin danda'amne gochaan argisiisaniiru jechuun ibsaniiru.
Kaka’umsi ummanni filannoo baranaa irratti dammaqinaan hirmaachuun agarsiiftuu ijaarsa sirna dimookiraasiif bu’uura kan kaa’edha -Hayyoota
Jun 4, 2026 869
Caamsaa 27/2018 (ENA): Filannoo waliigalaa 7ffaa irratti dammaqinaan hirmaannaan ummataa sirna dimokiraasii cimsuu fi ijaarsa mootummaaf bu’uura cimaa kaa’uu isaa hayyoonni yuunivarsiitii ibsaniiru. Filannoo waliigalaa torbaffaa kanaaf filattootni miiliyoona 54 fi kuma 57 fi 861 galmaa’uun Caamsaa 24, 2018 sagalee kennuun milkaa’inaan gaggeeffameera. Barsiisonni yunivarsiitii adda addaa ENA waliin turtii taasisan akka ibsanitti, hirmaannaan ummataa dammaqinaan filannoo kana keessatti taasise sirna dimokiraasii cimsuu fi ijaarsa mootummaaf bu’uura cimaa kaa’eera. Yunivarsiitii Bulee Horaa keessatti barsiisaa Saayinsii Siyaasaa fi Hariiroo Alaa kan ta’an Nagaasaa Galaanaa akka himanitti, Adeemsi filannoo waliigalaa hirmaannaa ummataa cimaa ta’e kan itti mul’ateefi filattootni hedduun sagalee isaanii kan kennanidha jedhani. Hirmaannaan ummataa ijaarsa sirna dimookiraasiif bu’uura kan kaa’udha jedhani. Qorataan saayinsii hawaasaa fi Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Naannoo Oromiyaa Dr. Riyaad Daawud akka jedhanitti, paartileen siyaasaa yaada irratti kan hundaa’an yoo ta’u, hirmaannaan ummataa dammaqinaan sirni dimokiraasii akka guddatuuf bu’uura ta’uu fi sirni dimokiraasii itti fufiinsa akka qabaatuuf karaa kan saaqudha jedhani. Filannoo irratti hirmaachuun mul’ata jaalala biyyaa ta’uu kan ibsan Dr. Riyaad Daawud hirmaannaa kana hojii misoomaa fi nageenya ijaaruu keessatti irra deebi’uun itti gaafatamummaa waloo hunda keenyaa ta’uu qaba jechuun ibsaniiru. Lammiileen filannoo irratti sagalee kennan haala hawaasummaa adda addaa keessatti arguun keenya, har’a qofa osoo hin taane Itiyoophiyaa boruufis xiyyeeffannaa kennuu isaanii kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru. #Itiyoophiyaan filatteetti #Itiyoophiyaan_Mo’atteetti #ENA_Afaan_Oromoo #ENA#Filannoo

Hawaasummaa
Yuunivarsiitichi manneen tajaajila tola ooltummaatiin ijaarsise namoota harka qalleeyyiif dabarsee kenne
Jun 4, 2026 801
Caamsaa 27/2018 (ENA): Yuunivarsiitiin Amboo Kaampaasiin Haacaaluu Hundeessaa manneen tajaajila tola ooltummaatiin ijaarsise namoota harka qalleeyyiif dabarsee kenne. Manneen yunivarsiitichi ijaarsise Birrii miiliyoona 1.5’n ta’uu yeroo walharkaa fuudhinsaatti ifa ta'eera. Diiniin Yunivarsiistii Amboo Kampaasii Haacaaluu Hundeessaa Injiinar Wayyeessaa Ararsaa akka himanitti, hojii baruu barsiisuu cinaatti tajaajila tola ooltummaatiin namoota harka qalleeyyii fayyadamoo taasisaa jira jedhani. Yuunivarsiitichi manneen tajaajila tola ooltummaatiin ijaarsise har’a namoota harka qalleeyyiif dabarsee kenneera jedhan. Manneen ijaarsifaman kunniin barsiisota, barattootaafi dhaabbilee tola ooltota irraa kan walitti qabame ta’uu himaniiru. Itti dabaluunis yunivarsitichi tajaajila tola ooltummaa cimsuu fi rakkoo hawaasaa hiikuuf tattaaffii isaa akka cimsu mirkaneessaniiru. Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Amboo obbo Haacaaluu Gammachuu tajaajila tola ooltummaa magaalattii keessatti gaggeeffamaa ture rakkoo hawaasummaa salphisuuf kan gargaare ta’uu eeraniiru. Hojiin tola ooltummaa kun namoota harka qalleeyyii dhaqqabuuf isaan dandeessiseera jedhani. Itti gaafatamtuun Waajjira Dubartootaa fi Daa’immanii Bulchiinsa Magaalaa Amboo aadde Ilillee Tasfaayee gama isaaniitiin, Yuunivarsiitiin Amboo, haadholii rakkoof saaxilamoo ta’aniif mana ijaaree dhiyeessuun, tajaajila tola ooltummaa magaalattii keessatti gaggeeffamaa jiruun barattoota rakkataniif meeshaalee barnootaa kennaa jira jedhan. Jiraattota mana jireenyaa argatan keessaa Aadde Adaanech Chimsaa ijoollee isaanii sadan waliin mana kiraa keessa jiraachaa turani. Manni kireeffatan waan dhimbisu tureef yeroo Gannaa isaan rakkoo hamaaf saaxilamoo akka turan himaniiru. Haa ta’u malee yeroo ammaa yunivarsiitiin Amboo Kampaasii Haacaaluu Hundeessaa mana ijaarsisee dabarsee isaaniif kennuun isaa gammachuu guddaa akka isaanitti hore dubbataniiru. Fayyadamtuun kan biraa aadde Birhaanee Gammachuu gama isaaniitiin kanaan dura ijoollee isaanii shanan waliin daandiirra jiraachaa akka turan eeruun, manni amma yunivarsiitichi ijaarsisee kenneefii rakkoo kana akka dhabamsiise himaniiru. #Itiyoophiyaan_Filatteetti #Itiyoophiyaan Mo’atteetti #Filannoo #ENA #ENA_Afaan_Oromoo
Manni Marichi Wixinee labsiwwan tajaajila qilleensaa xiinxalee raggaasise
Jun 4, 2026 729
Caamsaa 27/2018 (ENA)– Manni Marri bakka bu’oota Ummataa walga’ii idilee 23ffaa har’a gaggeesseen, wixinee labsiiwwan waliigaltee tajaajila qilleensaa Itiyoophiyaan biyyoota adda addaa waliin taasifte xiinxalee raggaasiseera.   Itti Aanaan walitti qabaa koree dhaabbataa dhimmoota alaa fi Nagayaa doktar Fatihii Maahiddii, gabaasa fi yaada murtoo labsiiwwan wixinee waliigaltee tajaajila qilleensaa mana marichaaf dhiyeessaniiru. Wayita sana wixinee labsiiwwan waliigaltee tajaajila qilleensaa kunneen invesitimentii hawwachuu fi bakka ga’umsa geejjiba qilleensaa babal’isuudhaan, guddina geejjiba qilleensaa fi dinagdee biyya keenyaatiif shoorri isaan qaban murteessaa dha jedhaniiru. Walii galteewwan tajaajila qilleensaa kanneen keessaa mootummaa Itiyoophiyaa fi mootummaa Seeriyaa Liyoon gidduutti mallatteeffame isa tokko ta’uu eeranii, waliigaltichi dhaabbilee daandiiwwan qilleensaa gara bakka ga’umsa filatamanitti kallattiin akka qubatanii fi tajaajila aviyeeshinii mijataa akka kennan kan dandeessisu ta’uu hubachiisaniiru. Wixinee labsii tajaajila qilleensaa kanas, mana marichi labsii lakkoofsa 1417/2018 godhee sagalee guutuun raggaasiseera. Haaluma walfakkaatuun, wixineen labsii waliigaltee tajaajila qilleensaa Rippabliika Angoolaa fi Mootummaa Itiyoophiyaa gidduutti mallatteeffame mana marichaaf kan dhiyaate yoo ta’u; waliigaltichi hariiroo waggoota dheeraa biyyoota lamaan gidduu jiru caalaatti guddisuuf carraa kan uumu ta’uu ibsaniiru. Odeeffannoon Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa akka agarsiisutti, wixineen labsii kun Labsii Lakkoofsa 1418/2018 ta’uun sagalee guutuun ragga’eera. Gama biraatiin, waliigalteen tajaajila qilleensaa Mootummaa Itiyoophiyaa fi Baangilaadeesh gidduutti taasifame, yaa’insa geejjiba qilleensaa biyyoota lamaan gidduutti guddachaa jiru tilmaama keessa kan galche ta’uu kaasaniiru. Itti dabaluudhaan Invesitimentii kallattii alaa hawwachuu, daldala, tuurizimii fi biyya keenyaaf sharafni alaa akka argamu gochuu keessatti shoora olaanaa qaba jedhaniiru. Haaluma kanaan mana marichi wixinee labsii kana, Labsii Lakkoofsa 1419/2018 godhee sagalee guutuun raggaasiseera. Labsii wixinee tajaajila qilleensaa kan biraa mana marichaan ragga’e, waliigaltee Mootummaa Itiyoophiyaa fi Mootummaa Mootii Eswaatinii gidduutti taasifameedha. Kunis daangaa irra-deddeebii balali'aa malee balallii fe'umsaa gaggeessuu dabalatee, meeshaalee balaliif barbaachisan qaraxa gumruukii irraa bilisa galchuu kan dabalatu waan ta'eef, baasii balallii akka hir'isu hubachiisaniiru. Haaluma walfakkaatuun, mana marichi wixinee labsii kana Labsii Lakkoofsa 1420/2018 godhee sagalee guutuun raggaasiseera. Waliigalteewwan tajaajila qilleensaa kunneen, faayidaa Itiyoophiyaa kan kabachiisanii fi sektericha keessatti shoora ishiin naannichaa keessatti qabdu agarsiisuun fayyadamummaa ishee kan dabalan ta’uun ibsameera.  
Diinagdee
Naannichatti teeknooloojii qonnaa bal’inaan fayyadamuun oomishtummaa guddisuuf xiyyeeffannoon kennameera
Jun 5, 2026 33
Caamsaa 28/2018 (ENA): Lafa qonnaa babal’isuun alatti, itti fayyadama teeknooloojii qonnaa Naannoo Oromiyaa keessatti dabaluudhaan oomishtummaa guddisuuf xiyyeeffannoon kennamee jiraachuun ibsameera. Godina Iluu Abaa Booraatti qonni Gannaa haalaan kan itti fufe yoo ta’u, har’as hojiin lafa qophaa’e sanyii boqqollootiin uwwisuu aanaa Dooraniitti eegalameera. Akka Hogganaan Biiroo Jallisii fi Misooma horsiisee bultootaa Naannoo Oromiyaa Injiinaar Girmaa Raggaasaa himanitti qonni Bonaa fi Gannaa naannichatti bal’inaan hojjetamaa jira jedhani. Keessattuu waggoota muraasa darbanitti naannichatti misooma jallisii irratti bu’aa gurguddaan argamuu eeruun, ijaarsi hidhaalee misooma jallisii xixiqqaa fi giddu galeessaa cimee hojjetamuu ibsaniiru. Wabii nyaataa mirkaneessuun irra caalaa qonna babal’isuudhaan galma gahuu akka danda’u kan ibsan Injinar Girmaan, naannichatti misooma qamadii Bonaarratti milkaa’inni guddaan galmaa’uu ibsaniiru. Kunis duudhaa kanaan dura waggaatti al tokko oomishamu ture fooyyessee, qonna Gannaaf dandeettii dabalataa uumeera jedhan. Yeroo oomishaa dhufutti lafa misooma qonnaaf oolu danda’u qotuu fi makaanaayizeeshinii qonnaatti fayyadamuun oomishtummaa guddisuuf xiyyeeffannoon kennameera jedhan. Akkasumas Godina Iluu Abaa Booraatti qonna Gannaatiin lafti heektaara kuma 389 midhaan gosa adda addaatiin uwwifamaa jiraachuu ibsaniiru. Hojiin qonna kilaastaraan aanaalee Godinichaa keessatti sanyiidhaan uwwisuu cimee itti fufuus eeraniiru. Dhiyeessiin makaanaayizeeshinii qonnaa omishtummaa guddisu godinaalee hunda keessatti dabalaa jiraachuu eeraniiru. Qonna Gannaa tiraaktaraatiin qotuuf xiyyeeffannoon kennameera jedhan. ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Barana naannoo Oromiyaatti Bunnni kuntaala miiliyoona 16 tuqaa 9 walitti qabameera
Jun 5, 2026 122
Caamsaa 28/2018 (ENA)-Bara bajataa xumurame kana naannoo Oromiyaatti Bunnni kuntaala miiliyoona 16 tuqaa 9 walitti qabamuusaa biiroon qonnaa naannichaa beeksise. Biirichatti daarektarri qulqullinaa fi misooma Bunaa obbo Taakkalaa Hayilamaaram ENAtti akka himanitti, naannichatti misoomni Bunaa Inisheetiivii addaatiin bocamee hojiitti erga galamee asitti oomishnii fi oomishtummaan Bunaa sadarkaa olaanaan guddachaa dhufeera. Jiruu fi jireenyi qonnaan bulaa kallattiidhaan misooma Bunaa waliin kan walitti hidhate ta’uu kan eeran daarektarichi, misoomni Bunaa bal’inaa fi karaa ammayyaa hojjetamuunsaa fayyadama dinagdee qonnaan bulaa guddisaa jiraachuu ibsaniiru. Biirichi oomisha Bunaa akaakuu fi baay’inaan guddisuuf hojiileen hedduun hojjechuusaa eeraniiru.   Kanneen keessaa sanyii Bunaa fooyya’aa yeroo gabaabaa keessatti oomisha olaanaa kennan qonnaan bulaa biraan ga’uu, muka Bunaa dulloomee fi oomisha hin kennine haaraan bakka buusuun isaan ijooti jedhaniiru. Dabalataanis ogeeyyota qonnaatiin deeggaramuun muka Bunaa gamashuu bal’inaan hojjetamuu ibsaniiru. Haala Kanaan bara oomishaa 2018 naannichatti Buna kuntaala miiliyoona 18 walitti qabuuf karoorfamee amma ammaatti Bunni kuntaalli miiliyoona 16 tuqaa 9 walitti qabameera jedhaniiru.   Dandeettii dorgommii gabaa addunyaa fi qulqullina eegsisuuf hojiileen hubannoo qonnaan bulaa jiddu galeessa godhatan hojjetamuu obbo Taakkalaan ibsaniiru. Keessumaa qonnaan bultoonni Buna diimaa qofa akka funaanan gochuun akka danda’ame ibsanii, Buna walitti qabame qulqullinaan gogsuun aadeffamuu dubbataniiru. Fayyadamaa qonnaan bulaa caalaatti guddisuu fi faddaaltota seeraan alaa ittisuuf osoo eenyuyyuu jidduu hin seeniin kallattiin gabaa addunyaaf dhiheessuuf haalli mijataa uumamaa akka jiru gaggeessaan kun beeksisaniiru.
Hirmaannaa cimaa filannoorratti agarsiifne misoomaanis dabaluuf qophoofneerra
Jun 5, 2026 177
Caamsaa 28/2018 (ENA) - Hirmaannaa ummataa fi tokkummaa cimaa yeroo filannootti agarsiisan misoomaanis dabaluudhaan guddina biyyasaanii si’achiisuuf qophii ta’uusaanii kutaaleen hawaasaa garagaraa magaalaa Hararitti argaman ibsan. Kutaaleen hawaasaa garagaraa magaalaa Harar ENA’n dubbise hirmaannaa filannoorratti agarsiisan hojiilee misoomaa itti fufanirratti cimsuun misoomaa fi guddina itti fufsiisuu qabna jedhan. Jiraattota keessa adde Mulunash Waaqtolaa akka jedhanitti, Ummanni filannichaaf bal’inaan bahuun jaalala biyyaaf qabu agarsiiseera. Hirmaannaa filannoorratti agarsiifne gabbisuunii fi hojiilee misoomaa itti fufsiisuuf irra deebi’uutu nurraa eegama jedhaniiru. Barsiisaa Toomaas Dubbaalaa, filannichi milkaa’ina guddaa Itiyoophiyaa fi lammiileeshee kan agarsiisedha jedhaniiru. Kana malees hojiilee misoomaa eegalaman si’achiisuudhaan misooma biyyaaf hojjechuun akka barbaachisu ibsaniiru. Jiraataan magaalichaa obbo Taaddasaa Bayyanaa gamasaaniin, filannichi hirmaannaan ummataa dammaqaan kan itti mul’ate, abduu ifaa biyyattii egeree kan agarsiisee fi kan nama gammachiisu akka ture yaadachiisaniiru. Fuulduras hirmaannaa filannoorratti taasisan misoomaan dabaluu ilmaan ilmaansaaniif biyya ifaa dabarsuuf akka hojjetan eeraniiru. Filannichi lammiileen hedduun kan itti hirmaatanii fi nagana gaggeeffamuunsaa guddaa akka isaan gammachiise kan ibsan ammo barsiisaa Darajjee Tasfaayeeti. Gara fuulduraatti hojiilee misoomaa biyyaalessaas ta’e naannoorratti dammaqinaan akka hirmaatan barsiisaa Darajjeen dubbataniiru.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Tajaajilli Giddugala Tokkoo (Masoob) Tajaajila Mootummaa Ammayyeessuun Rakkoo Lammiilee furaa jira - Kantiibaa Adaanech Abeebee
Jun 4, 2026 1115
Caamsaa 27/2018 (ENA): Tajaajilli Giddugala Tokkoo (Masoob) tajaajila mootummaa ammayyeessuun rakkina lammiilee furaa jira jedhan kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaaneech Abeebee. Kantiibaa Adaanech Abeebee Tajaajila Dijitaalaa Giddugala Tokkoo (Masoob) kutaa magaalaa Kolfee Qaraaniyootti ijaarame eebbisuun hojii isaa eegalchiisaniiru. Akka sirna eebba kana irratti ibsanitti aadde adaanech, Finfinneetti kenniinsa tajaajilaa gahumsaa fi saffisaa ta’e kan haqummaa tajaajila mootummaa mirkaneessu uumamuu ibsaniiru. Tajaajilli Giddugala Tokkoo rakkoolee Bulchiinsa gaarii hawaasni tajaajila mootummaa argachuu keessatti mudatu dhabamsiisuu keessattis gahee olaanaa taphachaa jira jedhan. Tajaajila Giddugala Tokkoo irraa gara tajaajila socho’aatti dabarsuudhaan dhaqqabummaa babal’isuuf hojjetamaa akka jiru ibsaniiru. Kunis magaalattiin tajaajila mootummaa gahumsaa fi bu’a qabeessa taasisuuf kutannoo qabdu kan agarsiisudha jedhan. Tajaajilli Giddugala Kolfee Masoob eebbaaf qophaa’ee tures haala tajaajila ammayyaa fi gahumsa qabu hawaasaaf kennuu danda’uun ijaaramuu isaa ibsaniiru. Hogganaan Biiroo Pablik Sarvisii Magaalaa Finfinnee sadarkaa itti Aanaa Kantiibaatti Dr. Jamaaloo Jambaruun tajaajilli Giddugala ‘Addis Mesob’ hojii bu'a qabeessa ta'ee rakkoo lammiilee furaa jiraachuu himani. Dhaqqabummaa giddugala wiirtuu tokkoo magaalaa guddootti babal’isuun tajaajila mootummaa ammayyeessuun bu’a qabeessummaan hojiirra oolmaa fooyya’aa akka jiru ibsaniiru. Hojii gaggeessaan Olaanaan Bulchiinsa Magaalaa Kolfee Qaraaniyoo obbo Tewoodiroos Wolde Mikaa’eel tajaajilli Giddugala ‘Kolfee Masoob’ tajaajila magaalaa guddichaa haala mijeessuuf bu’aa guddaa qaba jedhan. #Itiyoophiyaan_Filatteetti #Itiyoophiyaan Mo’atteetti #Filannoo #ENA #ENA_Afaan_Oromoo
Yuunivarsiitiin Haramaayaa Teekinooloojiiwwan Qorannoo Fayyadamummaa Hawaasaa guddisan dagaagsaa jira
May 28, 2026 3029
Caamsaa 20/2018(ENA): Yuunivarsiitiin Haramaayaa Teekinooloojiiwwan qorannoo fayyadamummaa Hawaasaa guddisan dagaagsaa jiraachuu beeksiseera. Yuunivarsiitichi yaa'ii gamaggama qorannoo fi hirmaannaa hawaasaa waggaa 43ffaa mata duree "kalaqa naannoof mijatuu fi eegumsa ikkooloojii ijaarsa Hawaasaa cimaatiif " jedhuun gaggeessaa jira. Itti-aanaan Pirezidaantii Qorannoo fi dhimma Hawaasaa Yuunivarsiitichaa Dr. Yisihaaq Yuusuf waltajjicharratti akka himanitti, Yuunivarsiitichi dameewwan qonnaa, Fayyaa, Teeknoolojii, Barnoota, Seeraa, Saayinsii Hawaasaa fi hojiiwwan qorannoo biroo irratti hojjechaa jira jedhani. Keessattuu barana Yuunivarsiitichi Pirojektoota 116 irratti hojii qorannoo gaggeessaa akka jiru eeranii, isaan keessaa 42 xumuramuu isaanii dubbataniiru. Hojiiwwan qorannoo fi Teeknoolojii Yuunivarsiitichi baajata birrii biliyoona 1 ol ramadee hojjechaa jiru kunis fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessaa akka jiru beeksisaniiru. Yuunivarsiitichi barana teeknoolojiiwwan qonnaa 95 ol qonnaan bulaaf raabsuu isaas ibsaniiru. Yuunivarsiitichi eegumsaa fi bulchiinsa qabeenya uumamaa ilaalchisee Bulchiinsa Dirree Dhawaa, Hara Haramaayaa, Addeellee, Dhangaggoo fi suluulawwan biroo irratti hojiiwwan qindaa'oon hojjetamaa jira jedhaniiru. Gama tajaajilaa fi hirmaannaa hawaasaatiin, lammiilee kuma 150 ol ta'aniif tajaajila seeraa bilisaa kennuu dabalatee damee Fayyaa, Barnootaa fi kanneen biroon hojiiwwan jajjabeessaan hojjetamuu isaanii kaasaniiru. Waltajjiin gamaggamaa kun hojiiwwan jajjabeessoo Yuunivarsiitichi hojjechaa jiru itti fufsiisuu fi hanqinoota mul'atan furuuf kan gargaaru ta'uun eerameera. Yaa'ii qorannoo fi hirmaannaa hawaasaa Yuunivarsiitichi yeroo 43ffaaf gaggeessu kanaan firiiwwan qorannoo 32 dhiyaatanii mariin irratti ni taasifama jedhameera. Yaa'ii guyyoota sadiif qophaa’e kana irratti hayyoonnii fi qorattoonni Yuunivarsiitichaa, Manneen hojii seektaraa, qooda fudhattootaa, akkasumas bakka bu'oonni hawaasaa, Abbootii Gadaa fi Haadholiin Siinqee hirmaachaa jiru.
Ispoortii
Finfinneetti namuusa dargaggootaa guddisuu fi dandeettii ispoortii kan guddisan bu'uuraaleen misoomaa bal'aan ijaaramaniiru - Kantiibaan Adaanech Abeebee
May 24, 2026 4397
Caamsaa 16/2018 (ENA): Finfinneetti namuusa dargaggootaa guddisuu fi dandeettii ispoortii kan guddisan bu'uuraaleen misoomaa bal'aan ijaaramaniiru Kantiibaan Adaanech Abeebee jedhani.   Kantiibaan Adaanech Abeebeen Istaadiyeemii Hawaasa Lammii kutaa magaalaa Boolee naannoo Garjiitti ijaarame eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Deeggarsa maallaqaa Kaapteen Abarraa Lammiin kan ijaarame istaadiyeemiin kun dirree kubbaa miilaa, daandii fiigichaa, teessoo daawwattootaa akka roobnif aduun nama hin mine qabu, manneen daldalaa carraa hojii dargaggootaaf oolu, manneen qulqullinaafi mana fincaanii, jimnaaziyeemii fi mana kuusaa of keessaa qaba. Ergaa kana sababeeffachuun dabarsaniin kantiibaan magaalattii aadde Adaanech Abeebeen; Bu’uuraalee ispoortii babal’isuun dhaloota fayya qabeessaa fi oomishtummaa qabu uumuu keessatti gahee olaanaa akka qabu ibsaniiru. Bu’uuraaleen ispoortii bakka bashannanaa mijataa uumuun alattis lammii qaamaa fi xiinsammuu fayyaa qabu bocuuf gargaaruu akka danda’an himaniiru. Bulchiinsi magaalattii keessatti wiirtuuwwan ispoortii fi dirree tapha ammayyaa hedduu ijaaree ummanni akka fayyadamu taasisuu eeraniiru. Ijaarsi wiirtuuwwan ispoortii hirmaannaa dargaggoota ispoortii irratti dabaluu eegale itti fufuus mirkaneessaniiru. Kaappiteen Abarraa Lammii tajaajila kana fakkaatu hawaasaaf ijaarsisanii dabrsanii kennuun isaanii kan galateeffataman ta’uu eeruun,hawaasnis kunuunsaa fi eegumsa gochuu akka qabu dhaamaniiru.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Misoomni dinagdee magariisaa Itiyoophiyaa dhiheessii anniisaa mirkaneessuudhaan walitti hidhamiinsa dinagdee Ardii cimsuu ni dandeessisa
Jun 5, 2026 256
Caamsaa 28/2018 (ENA)- Misoomni dinagdee magariisaa Itiyoophiyaa dhiheessii anniisaa mirkaneessuudhaan walitti hidhamiinsa dinagdee Ardii cimsuu kan dandeessisu ta’uu dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti daarektarri teeknooloojii, innoveeshinii fi diviziyoonii bu’ura misoomaa komishinii dinagdee Afriikaa Dr. Roobarti Liisiingee ibsan. Itiyoophiyaan misooma dinagdee magariisaa kan si’achiisan teeknooloojii geejjibaa, industirii, anniisaa qusatuu fi konkolaattota elektiriikii irratti xiyyeeffattee hojjechaa jirti. Haala Kanaan baasii wagga waggaan boba’aaf bahu hir’isuu fi sirna geejjibaa humna haaromfamuun durfamu ijaaruu kan dandeessisan tarsiimoo konkolaataa elektiriikii biyyaalessaa fi karoora hojmaataa ifoomsiteetti. Dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti daarektarri teeknooloojii, innoveeshinii fi diviziyoonii bu’ura misoomaa komishinii dinagdee Afriikaa Dr. Roobarti Liisiingee ENAtti akka himanitti, tarsiimoon konkolaataa elektiriikii Itiyoophiyaan baafte hammattoo seeraa, seera idil addunyaa waliin kan wal simedha. Biyyoonni Afriikaa hedduun boba’aa alaa galurratti kan hirkatan waan ta’eef sharafa alaa guddaa akka baasan ibsanii, tarsiimoo konkolaataa elektiriikii biyyaalessaa fi karoora hojmaataa baasii hir’isuurra darbee anniisaa amansiisaa dhiheessuudhaaf wabii ni ta’a jedhaniiru. Itiyoophiyaan cehumsi gara konkolaattota elektiriikiitti gochaa jirtu faalama qilleensaa hir’isuudhaan dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaa damdamachuudhaaf tattaaffii taasifamu akka deeggaru ibsaniiru. Itiyoophiyaan akka lakkoofsa Awurooppaa amma 2030tti konkolaattota elektiriikii haaraa qabaattu keessaa dhibbantaa 30 kan ta’an biyya keessatti oomishuu fi walitti suphuuf karoorsuunshee walitti hidhamiinsa daldalaa Afrikaanota jidduu jiru ni cimsa jedhaniiru. Riijiniin daldala bilisaa Afriikaa jalqabamuunsaa cehumsa gara konkolaataa elektiriikiitti taasifamu ni si’achiisa kan jedhan daarektarichi, walitti hidhamiinsa daldalaa Ardii Afriikaa jiru akka si’achiisu ibsaniiru.
Hojiin misooma qarqara lageenii Finfinneen magaalaa nama giddugaleessa godhatte gochuuf kan karoorfame invastimantii yeroo dheeraati-ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Jun 5, 2026 224
Caamsaa 28/2018 (ENA)- Hojiin misooma qarqara lageenii Finfinneen magaalaa nama giddugaleessa godhatte gochuuf kan karoorfame invastimantii yeroo dheeraa ta’uusaa ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsan. Misoomni qarqara lagaa Finfinnee pirojektii faayidaa qarqara lageenii miidhagsuurra darbe kan qabu ta’uu ministirri muummee ergaasaatiin barreessaniiru. Tiraanisfoormeeshiniin magaalaa Inxooxxoo amma Piikook, akkasumas Inxooxxoorraa amma toora Qabbanaatti bal’inaan hojjetamu, lageenirraa amma meetura 50 kan fulla’u yoo ta’u, misooma kooriidaroota magariisaa, bakka ummanni itti wal gahu, daandiiwwan lafoo, bakkee bashannanaa fi bakkeewwan daldalaa kan of keessaa qabu yoo ta’u, magaalattiis baay’ee kan jijjiire ta’uu beeksisaniiru. Barbaachisummaa pirojektii kana adda kan godhu faayidaa dinagdee fi hawaasummaa inni qabudha. Bifaa fi tajaajila qarqara lageenii fooyyessuurra darbee dameelee konistiraakshinii, injiinariingii, ijaarsa miidhagina teessuma lafaa, loojistiksii fi Kanaan walqabataniin, namoota hedduuf carraa hojii kan uume yoo ta’u, kontiraaktaroota biyya keessaa, dhiheessitootaa fi daldalootaafis carraa garagaraa mijeessuusaa eeraniiru. Hojiin irra caalaadhaan mahaandisoota biyya keessaatiin bocamuusaa fi hojiirra ooluunsaa, ogeeyyonni Itiyoophiyaa misooma magaalaa fi ijaarsa bu’ura misoomaarratti dandeettiin qaban guddachaa dhufuusaa ibsaniiru. Fulla’insi misoomichaa xiyyeeffannoon wal qixaa kan kennamuuf ta’uu eeranii, bakkeewwan Kanaan dura keemikaalonni summaawaa fi balfi itti gatamu, bakkeewwan hawaasa jiraattota qarqara lagaa balaa lolaaf saaxilan kunneen, yeroo ammaa bakka magariisaa, fayyaalessaa fi magaalaa jireenyaaf mijataa ta’etti jijjiiraa jiru jedhaniiru. Karaa wal fakkaatuun, bakkeewwan daldalaa fi bashannana ummataa qindaa’anii ijaaramuunsaanii, eegumsi naannoo fi guddinni dinagdee Kanaan dura waliin hin qindoofne jalaa bahanii qorannoo fi galma waloof tumsaan hojjechuu akka danda’an kan mirkaneessudha. Hojiin misoomaa si’ataan kun Finfinnee magaalaa magariisa, caalaatti kan walitti hidhamte , dinagdeen kan dammaqxee fi nama jiddugaleessa godhatte gochuuf carraashee egeree irratti bu’urri kan kaa’ame invastimantii yeroo dheeraa ta’uusaa ministirri muummee ergaasaaniin hubachiisaniiru.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 21015
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 6632
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 6692
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan.   Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru.   Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru.   Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.  
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015