ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Tajaajilli Giddugala Tokkoo (Masoob) Tajaajila Mootummaa Ammayyeessuun Rakkoo Lammiilee furaa jira - Kantiibaa Adaanech Abeebee
Jun 4, 2026 149
Caamsaa 27/2018 (ENA): Tajaajilli Giddugala Tokkoo (Masoob) tajaajila mootummaa ammayyeessuun rakkina lammiilee furaa jira jedhan kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaaneech Abeebee. Kantiibaa Adaanech Abeebee Tajaajila Dijitaalaa Giddugala Tokkoo (Masoob) kutaa magaalaa Kolfee Qaraaniyootti ijaarame eebbisuun hojii isaa eegalchiisaniiru. Akka sirna eebba kana irratti ibsanitti aadde adaanech, Finfinneetti kenniinsa tajaajilaa gahumsaa fi saffisaa ta’e kan haqummaa tajaajila mootummaa mirkaneessu uumamuu ibsaniiru. Tajaajilli Giddugala Tokkoo rakkoolee Bulchiinsa gaarii hawaasni tajaajila mootummaa argachuu keessatti mudatu dhabamsiisuu keessattis gahee olaanaa taphachaa jira jedhan. Tajaajila Giddugala Tokkoo irraa gara tajaajila socho’aatti dabarsuudhaan dhaqqabummaa babal’isuuf hojjetamaa akka jiru ibsaniiru. Kunis magaalattiin tajaajila mootummaa gahumsaa fi bu’a qabeessa taasisuuf kutannoo qabdu kan agarsiisudha jedhan. Tajaajilli Giddugala Kolfee Masoob eebbaaf qophaa’ee tures haala tajaajila ammayyaa fi gahumsa qabu hawaasaaf kennuu danda’uun ijaaramuu isaa ibsaniiru. Hogganaan Biiroo Pablik Sarvisii Magaalaa Finfinnee sadarkaa itti Aanaa Kantiibaatti Dr. Jamaaloo Jambaruun tajaajilli Giddugala ‘Addis Mesob’ hojii bu'a qabeessa ta'ee rakkoo lammiilee furaa jiraachuu himani. Dhaqqabummaa giddugala wiirtuu tokkoo magaalaa guddootti babal’isuun tajaajila mootummaa ammayyeessuun bu’a qabeessummaan hojiirra oolmaa fooyya’aa akka jiru ibsaniiru. Hojii gaggeessaan Olaanaan Bulchiinsa Magaalaa Kolfee Qaraaniyoo obbo Tewoodiroos Wolde Mikaa’eel tajaajilli Giddugala ‘Kolfee Masoob’ tajaajila magaalaa guddichaa haala mijeessuuf bu’aa guddaa qaba jedhan. #Itiyoophiyaan_Filatteetti #Itiyoophiyaan Mo’atteetti #Filannoo #ENA #ENA_Afaan_Oromoo
Shira filannoo gufachiisuuf yaadame fashaleessuun hojiin nageenyaa birmadummaa biyyaa mirkaneesse hojjetame
Jun 4, 2026 219
Caamsaa 27/2018(ENA): Shirri filannoo waliigalaa 7ffaa gufachiisuuf diinota keessaafi alaan qindaa’e fashaleessuun hojiin nageenyaa birmadummaa biyyaa mirkaneesse hojjetameera jedhe Humni Waloo Nageenyaafi Tasgabbii. Humni Walichaa raawwii nageenya filannoo gamaaggamuun adeemsa itti aanan irratti kallattii kaa’eera. Komishinarri Jeneraalaa Poolisii Federaalaa Dammallaash Gabramikaa’el wayita kana akka himanitti, Humni Walichaa akka biyyaatti hojiilee filannoon duraa, waqtii filannoofi filannoon boodaa irratti karoora baasuun qindoominaan hojjechaa jira jedhan. Filannichi karaa nagaa qabeessa ta’een gaggeeffamuun isaa hojiileen riifoormii waggoottan jijjiiramaa darban dhaabbilee nageenyaa irratti hojjetaman dhaabbilee nageenyaa qabatamaan ergamawwan gurguddaa gahumsaan bahachuu danda’an uumamuu agarsiisa jedhaniiru. Hojiin nageenyaa fi tasgabbii shira diinota keessaa fi alaan qindaa’e fashaleessee fi birmadummaa biyyaa mirkaneesse akkasumas bu’aa riifoormichaa qabatamaan agarsiise hojjetamuu eeraniiru. Uummanni hirmaannaa tokkummaa fi birmadummaa cimsu hojjechuu eeraniiru. Humni Waloo Nageenyaa fi Tasgabbii oppireeshiniin shororkeessitootaa fi finxaaleyyii irratti eegalame yeroo itti aanuttis cimee kan itti fufu ta’uu ibseera. Yeroo itti aanutti taateewwan uummataafi mootummaa milkaa’inaan akka xumuramaniif hojiileen tasgabbii cimanii akka itti fufaniif kallattii kaa’eera. #Itiyoophiyaan_Filatteetti #Itiyoophiyaan Mo’atteetti #Filannoo #ENA #ENA_Afaan_Oromoo
Yuunivarsiitichi manneen tajaajila tola ooltummaatiin ijaarsise namoota harka qalleeyyiif dabarsee kenne
Jun 4, 2026 172
Caamsaa 27/2018 (ENA): Yuunivarsiitiin Amboo Kaampaasiin Haacaaluu Hundeessaa manneen tajaajila tola ooltummaatiin ijaarsise namoota harka qalleeyyiif dabarsee kenne. Manneen yunivarsiitichi ijaarsise Birrii miiliyoona 1.5’n ta’uu yeroo walharkaa fuudhinsaatti ifa ta'eera. Diiniin Yunivarsiistii Amboo Kampaasii Haacaaluu Hundeessaa Injiinar Wayyeessaa Ararsaa akka himanitti, hojii baruu barsiisuu cinaatti tajaajila tola ooltummaatiin namoota harka qalleeyyii fayyadamoo taasisaa jira jedhani. Yuunivarsiitichi manneen tajaajila tola ooltummaatiin ijaarsise har’a namoota harka qalleeyyiif dabarsee kenneera jedhan. Manneen ijaarsifaman kunniin barsiisota, barattootaafi dhaabbilee tola ooltota irraa kan walitti qabame ta’uu himaniiru. Itti dabaluunis yunivarsitichi tajaajila tola ooltummaa cimsuu fi rakkoo hawaasaa hiikuuf tattaaffii isaa akka cimsu mirkaneessaniiru. Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Amboo obbo Haacaaluu Gammachuu tajaajila tola ooltummaa magaalattii keessatti gaggeeffamaa ture rakkoo hawaasummaa salphisuuf kan gargaare ta’uu eeraniiru. Hojiin tola ooltummaa kun namoota harka qalleeyyii dhaqqabuuf isaan dandeessiseera jedhani. Itti gaafatamtuun Waajjira Dubartootaa fi Daa’immanii Bulchiinsa Magaalaa Amboo aadde Ilillee Tasfaayee gama isaaniitiin, Yuunivarsiitiin Amboo, haadholii rakkoof saaxilamoo ta’aniif mana ijaaree dhiyeessuun, tajaajila tola ooltummaa magaalattii keessatti gaggeeffamaa jiruun barattoota rakkataniif meeshaalee barnootaa kennaa jira jedhan. Jiraattota mana jireenyaa argatan keessaa Aadde Adaanech Chimsaa ijoollee isaanii sadan waliin mana kiraa keessa jiraachaa turani. Manni kireeffatan waan dhimbisu tureef yeroo Gannaa isaan rakkoo hamaaf saaxilamoo akka turan himaniiru. Haa ta’u malee yeroo ammaa yunivarsiitiin Amboo Kampaasii Haacaaluu Hundeessaa mana ijaarsisee dabarsee isaaniif kennuun isaa gammachuu guddaa akka isaanitti hore dubbataniiru. Fayyadamtuun kan biraa aadde Birhaanee Gammachuu gama isaaniitiin kanaan dura ijoollee isaanii shanan waliin daandiirra jiraachaa akka turan eeruun, manni amma yunivarsiitichi ijaarsisee kenneefii rakkoo kana akka dhabamsiise himaniiru. #Itiyoophiyaan_Filatteetti #Itiyoophiyaan Mo’atteetti #Filannoo #ENA #ENA_Afaan_Oromoo
Filannoon Waliigalaa nagayaa, dimokiraatawaa, hirmaachisaa fi injifannoo Itiyoophiyaa kan agarsiisedha – Gamtaa Mana Maree
Jun 4, 2026 249
Caamsaa 27/2018 (ENA) – Filannoon waliigalaa Itiyoophiyaa torbaffaan nagaa, dimokiraatawaa, hirmaachisaa fi injifannoo Itiyoophiyaa kan mirkaneesse ta'uu Gamtaan Mana Maree Paartilee Siyaasaa Naannoo Oromiyaa beeksise. Gamtaa Mana Maree Paartilee Siyaasaa Naannoo Oromiyaa walga’ii ariifachiisaa gaggeessuun ibsa ejjennoo baaseen, filannichi nagaa, dimokiraatawaa fi hirmaachisaa ta'ee gaggeeffamuu ibseera. Barreessaan Gamtaa Mana Marichaa Obbo Taarikuu Dinbaruu yeroo ibsa ejjennoo sana dhiyeessan akka jedhanitti, filannoon baranaa qophii jalqabaarraa kaasee adeemsi baay’ee fooyya'aan kan keessatti mul’ate ture. Adeemsi filannichaas nagaa, dimokraatawaa fi ummatni bilisaan sagalee isaa kan kennedha jedhaniiru. Gamtaan Mana Maree Paartilee Siyaasaa Oromiyaa filannoon waliigalaa torbaffaan hirmaachisaa fi Itiyoophiyaa kan injifachiise, adeemsa seena qabeessaa fi nagaa ta'uu dubbataniiru. Guyyaa sagaleen kennamaa ture sanatti ummatni naannichaa guutuun ganama barraaqaa kaasee hamma halkan walakkaatti obsaan hiriiree sagalee kennuun cichoomaa fi kutannoon argisiise baay'ee kan dinqisiifamudha jedhaniiru. Naannoo Oromiyaatti filannichi milkiidhaan fi nagaan akka xumuramuuf lammiilee,qaamolee nageenyaa, paartilee siyaasaa dorgomtoota, dhaabbilee hawaasa siivilii fi raawwachiiftota filannoof gahee isaanii gumaachaniif galateeffataniiru. Gamtaan Mana Marichaa guutummaa adeemsa filannichaa keessatti xiyyeeffannoodhaan socho'uun gahee isaa bahachuu ibsa ejjennoo isaaniitiin mirkaneessaniiru. Filannichi haala nagaa, dimokiraatawaa fi milkaa'aa ta'een akka xumuramuuf Gamataan mana maree waliin ta'uu fi kutannoodhaan hojjachaa akka ture ibseera. Filannoo waliigalaa torbaffaa kanaanis Itiyoophiyaanonni sirna dimokiraatawaan alatti abbaa aangoo ta'uun akka hin danda'amne gochaan argisiisaniiru jechuun ibsaniiru.
Manni Marichi Wixinee labsiwwan tajaajila qilleensaa xiinxalee raggaasise
Jun 4, 2026 245
Caamsaa 27/2018 (ENA)– Manni Marri bakka bu’oota Ummataa walga’ii idilee 23ffaa har’a gaggeesseen, wixinee labsiiwwan waliigaltee tajaajila qilleensaa Itiyoophiyaan biyyoota adda addaa waliin taasifte xiinxalee raggaasiseera. Itti Aanaan walitti qabaa koree dhaabbataa dhimmoota alaa fi Nagayaa doktar Fatihii Maahiddii, gabaasa fi yaada murtoo labsiiwwan wixinee waliigaltee tajaajila qilleensaa mana marichaaf dhiyeessaniiru. Wayita sana wixinee labsiiwwan waliigaltee tajaajila qilleensaa kunneen invesitimentii hawwachuu fi bakka ga’umsa geejjiba qilleensaa babal’isuudhaan, guddina geejjiba qilleensaa fi dinagdee biyya keenyaatiif shoorri isaan qaban murteessaa dha jedhaniiru. Walii galteewwan tajaajila qilleensaa kanneen keessaa mootummaa Itiyoophiyaa fi mootummaa Seeriyaa Liyoon gidduutti mallatteeffame isa tokko ta’uu eeranii, waliigaltichi dhaabbilee daandiiwwan qilleensaa gara bakka ga’umsa filatamanitti kallattiin akka qubatanii fi tajaajila aviyeeshinii mijataa akka kennan kan dandeessisu ta’uu hubachiisaniiru. Wixinee labsii tajaajila qilleensaa kanas, mana marichi labsii lakkoofsa 1417/2018 godhee sagalee guutuun raggaasiseera. Haaluma walfakkaatuun, wixineen labsii waliigaltee tajaajila qilleensaa Rippabliika Angoolaa fi Mootummaa Itiyoophiyaa gidduutti mallatteeffame mana marichaaf kan dhiyaate yoo ta’u; waliigaltichi hariiroo waggoota dheeraa biyyoota lamaan gidduu jiru caalaatti guddisuuf carraa kan uumu ta’uu ibsaniiru. Odeeffannoon Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa akka agarsiisutti, wixineen labsii kun Labsii Lakkoofsa 1418/2018 ta’uun sagalee guutuun ragga’eera. Gama biraatiin, waliigalteen tajaajila qilleensaa Mootummaa Itiyoophiyaa fi Baangilaadeesh gidduutti taasifame, yaa’insa geejjiba qilleensaa biyyoota lamaan gidduutti guddachaa jiru tilmaama keessa kan galche ta’uu kaasaniiru. Itti dabaluudhaan Invesitimentii kallattii alaa hawwachuu, daldala, tuurizimii fi biyya keenyaaf sharafni alaa akka argamu gochuu keessatti shoora olaanaa qaba jedhaniiru. Haaluma kanaan mana marichi wixinee labsii kana, Labsii Lakkoofsa 1419/2018 godhee sagalee guutuun raggaasiseera. Labsii wixinee tajaajila qilleensaa kan biraa mana marichaan ragga’e, waliigaltee Mootummaa Itiyoophiyaa fi Mootummaa Mootii Eswaatinii gidduutti taasifameedha. Kunis daangaa irra-deddeebii balali'aa malee balallii fe'umsaa gaggeessuu dabalatee, meeshaalee balaliif barbaachisan qaraxa gumruukii irraa bilisa galchuu kan dabalatu waan ta'eef, baasii balallii akka hir'isu hubachiisaniiru. Haaluma walfakkaatuun, mana marichi wixinee labsii kana Labsii Lakkoofsa 1420/2018 godhee sagalee guutuun raggaasiseera. Waliigalteewwan tajaajila qilleensaa kunneen, faayidaa Itiyoophiyaa kan kabachiisanii fi sektericha keessatti shoora ishiin naannichaa keessatti qabdu agarsiisuun fayyadamummaa ishee kan dabalan ta’uun ibsameera.
Siyaasa

Kaka’umsi ummanni filannoo baranaa irratti dammaqinaan hirmaachuun agarsiiftuu ijaarsa sirna dimookiraasiif bu’uura kan kaa’edha -Hayyoota
Jun 4, 2026 444
Caamsaa 27/2018 (ENA): Filannoo waliigalaa 7ffaa irratti dammaqinaan hirmaannaan ummataa sirna dimokiraasii cimsuu fi ijaarsa mootummaaf bu’uura cimaa kaa’uu isaa hayyoonni yuunivarsiitii ibsaniiru. Filannoo waliigalaa torbaffaa kanaaf filattootni miiliyoona 54 fi kuma 57 fi 861 galmaa’uun Caamsaa 24, 2018 sagalee kennuun milkaa’inaan gaggeeffameera. Barsiisonni yunivarsiitii adda addaa ENA waliin turtii taasisan akka ibsanitti, hirmaannaan ummataa dammaqinaan filannoo kana keessatti taasise sirna dimokiraasii cimsuu fi ijaarsa mootummaaf bu’uura cimaa kaa’eera. Yunivarsiitii Bulee Horaa keessatti barsiisaa Saayinsii Siyaasaa fi Hariiroo Alaa kan ta’an Nagaasaa Galaanaa akka himanitti, Adeemsi filannoo waliigalaa hirmaannaa ummataa cimaa ta’e kan itti mul’ateefi filattootni hedduun sagalee isaanii kan kennanidha jedhani. Hirmaannaan ummataa ijaarsa sirna dimookiraasiif bu’uura kan kaa’udha jedhani. Qorataan saayinsii hawaasaa fi Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Naannoo Oromiyaa Dr. Riyaad Daawud akka jedhanitti, paartileen siyaasaa yaada irratti kan hundaa’an yoo ta’u, hirmaannaan ummataa dammaqinaan sirni dimokiraasii akka guddatuuf bu’uura ta’uu fi sirni dimokiraasii itti fufiinsa akka qabaatuuf karaa kan saaqudha jedhani. Filannoo irratti hirmaachuun mul’ata jaalala biyyaa ta’uu kan ibsan Dr. Riyaad Daawud hirmaannaa kana hojii misoomaa fi nageenya ijaaruu keessatti irra deebi’uun itti gaafatamummaa waloo hunda keenyaa ta’uu qaba jechuun ibsaniiru. Lammiileen filannoo irratti sagalee kennan haala hawaasummaa adda addaa keessatti arguun keenya, har’a qofa osoo hin taane Itiyoophiyaa boruufis xiyyeeffannaa kennuu isaanii kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru. #Itiyoophiyaan filatteetti #Itiyoophiyaan_Mo’atteetti #ENA_Afaan_Oromoo #ENA#Filannoo
Madaallii hundaanuu adeemsa filannoo Itiyoophiyaa mo’attuu taasisedha-Mana maree waloo paartilee siyaasaa Itiyoophiyaa
Jun 4, 2026 350
Caamsaa 27/2018(ENA)-Filannoon walii galaa 7ffaan madaallii hundaanuu adeemsa filannoo Itiyoophiyaa mo’attuu taasise ta’uu walitti qabaan mana maree waloo paartilee siyaasaa Itiyoophiyaa Salamoon Ayyalaa ibsan. Adeemsa filannoo walii galaa fi hirmaannaa lammiilee ilaalchisee walitti qabaan mana maree waloo paartilee siyaasaa Itiyoophiyaa Salamoon Ayyalaa ENA waliin turtii taasisaniiru. Adeemsi filannichaa jalqabarraa kaasee paartilee hedduu hirmaachisuudhaan wal falmii yaadaatiin kan fulla’ee fi sagalee kennuufis namoonni hedduun kan itti galmaa’an ta’uu ibsaniiru. Filannoo kanarratti namoonni bokkaan, qorri, aduun osoo isaan hin gufachiisiin kan itti filatan taatee seena qabeessa ta’uu dubbataniiru. Fulannoon walii galaa 7ffaan Itiyoophiyaan gaggeessite karaa hunda hirmaachiseen nagaan akka xumuramu manni maree waloo kun tumsaan hojjechaa turuu kaasaniiru. Filannichi adeemsa filannoo nagaa fi demokiraatawaatiin Itiyoophiyaa mo’attuu kan taasise ta’uu dubbataniiru. Akka walii galaatti filannichi milkaa’aa ta’iisaa ibsanii, dorgommiin paartilee siyaasaa jidduutti jiru akkuma jirutti ta’ee fuulduratti biyya ijaaruu keessatti waloomaan dhaabachuun akka barbaachisu eeraniiru.
Itiyoophiyaan deeggarsa gamtaa Afriikaa fi ajandaawwan Ardii Afriikaaf gootu cimsitee itti ni fufti-Ambaasaaddar Lamlam Fissahaa
Jun 3, 2026 1528
Caamsaa 26/2018 (ENA)- Itiyoophiyaan deeggarsa gamtaa Afriikaa fi ajandaawwan Ardii Afriikaaf gootu cimsitee akka itti fuftu ambaasaaddar Lamlam Fisahaa ibsan. Dura taa’aan komishinii gamtaa Afriikaa Mahaammud Alii Yuusuuf gamtaa Afriikaatti errgamtuun dhaabbataa Itiyoophiyaa haaraa ta’uun kan muudaman xalayaa muudamaa ambaasaaddar Lamlam Fissahaa har’a fudhataniiru. Dura taa’aan kun ambaasaaddar Lamlam Fissahaatiin baga gammaddan jechuun ergaa kan dabarsan yoo ta’u muuxannoo fi hoggansi ambaasaaddaritti tumsa Itiyoophiyaa fi gamtaa Afriikaa jidduu jiru caalaatti akka cimsu ibsaniiru. Deeggarsa fulla’aa Itiyoophiyaan gamtichaaf gochaa jirtu kan dinqisiifatan dura taa’aan kun, adeemsi filannoon walii galaa Itiyoophiyaatti gaggeeffame naga qabeessaa fi sirna eegee gaggeeffamuusaa galateeffataniiru. Qaamoleen lamaan taateewwan riijinii fi idil addunyaarratti akkasumas ajandaawwan gamtichaa ijoorratti yaada bal’aa kan wal jijjiiran yoo ta’u, galmoota gamtichaa milkeessuu fi gufuulee Afriikaa mudatan qolachuuf komishinichi Itiyoophiyaa waliin walitti dhiheenyaan hojjechuuf qophii ta’uusaa dura taa’aan kun mirkaneessaniiru. Ambaasaaddar Lamlam Fissahaa gamasaaniin gaggeessummaa dura taa’ichaa dinqisiifatanii, Itiyoophiyaan gamtaa Afriikaa fi ajandaawwan Ardichaaf deeggarsa taasiftu cimsitee itti fufti jedhaniiru. Mootummaan Itiyoophiyaa komishinicha waliin walitti dhiheenyaan hojjechuuf qophii ta’uusaa odeeffannoon gamtaa Afriikaarraa arganne ni mul’isa.
Itiyoophiyaanonni Filannoo milkaa'aa fi nagayaa ijaarsa sirna dimokiraasiitiif boqonnaa haaraa bane gaggeessaniiru
Jun 3, 2026 928
Caamsaa 26/2018(ENA)-Filannoon walii galaa 7ffaan, Itiyoophiyaanonni kutannoo sirna dimokiraasii ijaaruuf qaban gochaan agarsiisuun boqonnaa haaraa kan bane, milkaa'aa fi nagaa akka ture gareen jila taajjabdoota waloo filannoo Gamtaa Afrikaa fi IGAD beeksisaniiru. Gamtaan Afriikaa fi IGAD, filannoo walii galaa Itiyoophiyaa 7ffaa ilaalchisee kutaalee biyyattii garaa garaa keessatti taajjabdoota bobbaasuun waan taajjaban irratti gabaasa bu'aa jalqabaa irratti ibsa waloo kennaniiru. Pirezidantiin duraanii Keeniyaa fi hogganaan garee taajjabdoota filannoo Gamtaa Afrikaa Uhuruu Keeniyaataa fi Itti anaan pirezidaantii Yugaandaa duraanii_fi hogganaan garee taajjabdoota filannoo IGAD Doktora Ispeesiyoozaa Waandiiraa Kaaziibwee ibsa waliinii kennaniiru. Hogganaan garee taajjabdoota filannoo Gamtaa Afrikaa Uhuruu Keeniyaataa akka ibsanitti; Mootummaan Itiyoophiyaa sirna dimokiraasii ijaaruu cimsuuf hojii dinqisiisaa hojjateera. Adeemsi kenninsa sagalee filannoo walii galaa Itiyoophiyaa 7ffaa seera biyyaalessaa fi hammattoo seera Idil-Addunyaa hordofuun milkiin xumuramuusaa mirkaneessaniiru. Qophii filannoo fi adeemsa sagalee kennuu keessatti hojiiwwan tekinoolojii dabalatee raawwataman, adeemsa sagalee kennuu ariifachiisuurratti milkaa'aa akka ture ibsaniiru. Sa'aatiin sagalee kennuu dheerachuun isaa filattootaaf carraa dabalataa kan kenne yoo ta'u, qaama miidhamtootaaf, maanguddootaaf fi kutaalee hawaasaa garaa garaatiif adeemsa sagalee kennuu keessatti dursi kennamuun isaa hirmaannaa lammiilee akka gaariitti kan mirkaneesse ta'uu ibsaniiru. Guutuu Itiyoophiyaa keessatti raawwachiistonni filannoo fi qaamoleen nageenyaa itti gaafatamummaa itti kenname akka gaariitti ba'achuu isaanii, miidiyaaleenis haaluma kanaan miira itti gaafatamummaa guddaadhaan hojii isaanii raawwachuu isaanii dinqisiifataniiru. Waliigala hirmaannaanii fi gootummaan uummanni Itiyoophiyaa filannichaan agarsiise baay'ee kan galateeffatamu ta'uu kaasaniiru. Itti aanaan pirezidantii Yugaandaa duraanii fi hogganaan garee taajjabdoota filannoo IGAD Doktora Ispeesiyoozaa Waandiiraa Kaaziibwee; miseensonni garee taajjabdoota filannoo IGAD buufataalee filannoo argaman keessatti adeemsi sagalee kennuu sa'aatii karoorfameetti jalqabameera jedhaniiru. Gareen taajjabdoota IGAD naannolee Oromiyaa, Amaaraa, Sidaamaa fi Somaalee fi magaalota Dirree Dawaa fi Finfinnee keessatti buufataalee bobba'anitti meeshaaleen filannoo raawwachiisuuf gargaaran guutamanii adeemsi sagalee kennuu iftoomina kan qabuu fi sochii filattootaatiif baay'ee mijataa akka ture beeksisaniiru. Guyyaa filannichaa buufataalee keessatti hiriirri dheeraan kan ture ta'us, boordiin filannoo sa'aatii hanga halkan sa'aatii ja'aatti dheeressuu isaa hordofuun, ummatni filataan obsa guddaa fi tasgabiidhaan sagalee isaa kennuu danda'uusaanii ibsaniiru. Humnoonni nageenyaas naannoo sana keessatti ergama ummataa isaaniif kenname ba'achuun, nageenya adeemsa filannichaatiif gumaacha guddaa fi gaarii ta'e gumaachuu isaanii dubbataniiru. Qaamoleen dhimmi ilaallatu adeemsa filannichaa keessatti itti gaafatamummaa isaanii sirriitti ba'achuun, filannoo biyyaalessaa 7ffaan Itiyoophiyaanonni kutannoo sirna dimokiraasii ijaaruuf qaban gochaan agarsiisuun boqonnaa haaraa kan bane, milkaa'aa fi nagayaa ta'uu isaa mirkaneessaniiru jedhaniiru.
Adeemsi Dimokiraasii haala qabatamaa fi muuxannoo Ardii keenyaa wajjin kan wal simate akka ta'u gochuu keessatti dhaabbileen Afrikaa gahee murteessaa bahatu – Minisira Muummee Doktar Abiyyi Ahimad
Jun 3, 2026 965
Caamsaa 26/2018 (ENA) - Adeemsi dimokraasii haala qabatamaa fi muuxannoo Ardii keenyaa wajjin kan wal simate akka ta'u gochuu keessatti dhaabbileen Afrikaa gahee murteessaa bahatu jedhan Minisitirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaanii irratti dabarsaniin, Pirezidaantii Keeniyaa duraanii Uhuruu Keeniyaataa fi waahillan hojiisaanii waliin wal arguu kootti, gammachuu guddaan natti dhaga'ameera jedhaniiru. Garee jila taajjabdoota filannoo Gamtaa Afrikaa miseensota 73 qabuu fi Uhuruu Keeniyaataatiin durfamu, tattaaffii fi gumaacha isaan adeemsa ijaararsa dimokiraasii keenyaaf taasisaniif galata guddaa dhiyeessina jedhaniiru. Adeemsi dimokiraasii haala qabatamaa fi muuxannoo Ardii keenyaa wajjin kan wal simate akka ta'u gochuu keessatti dhaabbileen Afrikaa gahee murteessaa bahau jedhaniiru Ministirri Muummee ergaa isaaniitiin. Adeemsa filannoo keenya deeggaruuf guutuu biyyattii keessatti taajjabdoota bobbaasuun tattaaffii walirraa hin cinne gareen jila taajjabdoota filannichaa taasiseef beekamtii fi dinqisiifannaa kenninuu, bu'aa guutuu kan xiinxala isaanii ni eegganna jedhaniiru.
Haalli Filannoon waliigalaa 7ffaan Itiyoophiyaa keessatti geggeeffame dinqisiifatamaadha - garee taajjabdoota Filannoo Gamtaa Afriikaa fi IGAD
Jun 3, 2026 944
Caamsaa 26/2018 (ENA)-Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa filannoo walii galaa 7ffaa gaggeessuuf taasisee fi dandeettiin inni filannicha itti raawwachiisee kan dinqisiifatamu ta'uu hogganoonni garee taajjabdoota filannoo Gamtaa Afriikaa fi IGAD ibsaniiru. Gareen taajjabdoota filannoo walii galaa 7ffaa Gamtaa Afriikaa fi IGAD, adeemsa filannichaa ilaalchisee gabaasa gamaaggama isaanii jalqabaa irratti ibsa kennaniiru. Ibsa isaanii kanaanis, walaba ta'uun boordii filannichaa, qophiin teekinoolojii, hirmaachisummaasaa fi bulchiinsi filannichaa cimina kan qabu akka ture kaasaniiru. Kaadhimamtoonni fi filattoonni seenaa Itiyoophiyaa keessatti yeroo jalqabaatiif galmee tekinoolojiin deeggarame taasisuu isaaniis akka taajjaban eeraniiru.

Hawaasummaa
Yuunivarsiitichi manneen tajaajila tola ooltummaatiin ijaarsise namoota harka qalleeyyiif dabarsee kenne
Jun 4, 2026 172
Caamsaa 27/2018 (ENA): Yuunivarsiitiin Amboo Kaampaasiin Haacaaluu Hundeessaa manneen tajaajila tola ooltummaatiin ijaarsise namoota harka qalleeyyiif dabarsee kenne. Manneen yunivarsiitichi ijaarsise Birrii miiliyoona 1.5’n ta’uu yeroo walharkaa fuudhinsaatti ifa ta'eera. Diiniin Yunivarsiistii Amboo Kampaasii Haacaaluu Hundeessaa Injiinar Wayyeessaa Ararsaa akka himanitti, hojii baruu barsiisuu cinaatti tajaajila tola ooltummaatiin namoota harka qalleeyyii fayyadamoo taasisaa jira jedhani. Yuunivarsiitichi manneen tajaajila tola ooltummaatiin ijaarsise har’a namoota harka qalleeyyiif dabarsee kenneera jedhan. Manneen ijaarsifaman kunniin barsiisota, barattootaafi dhaabbilee tola ooltota irraa kan walitti qabame ta’uu himaniiru. Itti dabaluunis yunivarsitichi tajaajila tola ooltummaa cimsuu fi rakkoo hawaasaa hiikuuf tattaaffii isaa akka cimsu mirkaneessaniiru. Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Amboo obbo Haacaaluu Gammachuu tajaajila tola ooltummaa magaalattii keessatti gaggeeffamaa ture rakkoo hawaasummaa salphisuuf kan gargaare ta’uu eeraniiru. Hojiin tola ooltummaa kun namoota harka qalleeyyii dhaqqabuuf isaan dandeessiseera jedhani. Itti gaafatamtuun Waajjira Dubartootaa fi Daa’immanii Bulchiinsa Magaalaa Amboo aadde Ilillee Tasfaayee gama isaaniitiin, Yuunivarsiitiin Amboo, haadholii rakkoof saaxilamoo ta’aniif mana ijaaree dhiyeessuun, tajaajila tola ooltummaa magaalattii keessatti gaggeeffamaa jiruun barattoota rakkataniif meeshaalee barnootaa kennaa jira jedhan. Jiraattota mana jireenyaa argatan keessaa Aadde Adaanech Chimsaa ijoollee isaanii sadan waliin mana kiraa keessa jiraachaa turani. Manni kireeffatan waan dhimbisu tureef yeroo Gannaa isaan rakkoo hamaaf saaxilamoo akka turan himaniiru. Haa ta’u malee yeroo ammaa yunivarsiitiin Amboo Kampaasii Haacaaluu Hundeessaa mana ijaarsisee dabarsee isaaniif kennuun isaa gammachuu guddaa akka isaanitti hore dubbataniiru. Fayyadamtuun kan biraa aadde Birhaanee Gammachuu gama isaaniitiin kanaan dura ijoollee isaanii shanan waliin daandiirra jiraachaa akka turan eeruun, manni amma yunivarsiitichi ijaarsisee kenneefii rakkoo kana akka dhabamsiise himaniiru. #Itiyoophiyaan_Filatteetti #Itiyoophiyaan Mo’atteetti #Filannoo #ENA #ENA_Afaan_Oromoo
Manni Marichi Wixinee labsiwwan tajaajila qilleensaa xiinxalee raggaasise
Jun 4, 2026 245
Caamsaa 27/2018 (ENA)– Manni Marri bakka bu’oota Ummataa walga’ii idilee 23ffaa har’a gaggeesseen, wixinee labsiiwwan waliigaltee tajaajila qilleensaa Itiyoophiyaan biyyoota adda addaa waliin taasifte xiinxalee raggaasiseera. Itti Aanaan walitti qabaa koree dhaabbataa dhimmoota alaa fi Nagayaa doktar Fatihii Maahiddii, gabaasa fi yaada murtoo labsiiwwan wixinee waliigaltee tajaajila qilleensaa mana marichaaf dhiyeessaniiru. Wayita sana wixinee labsiiwwan waliigaltee tajaajila qilleensaa kunneen invesitimentii hawwachuu fi bakka ga’umsa geejjiba qilleensaa babal’isuudhaan, guddina geejjiba qilleensaa fi dinagdee biyya keenyaatiif shoorri isaan qaban murteessaa dha jedhaniiru. Walii galteewwan tajaajila qilleensaa kanneen keessaa mootummaa Itiyoophiyaa fi mootummaa Seeriyaa Liyoon gidduutti mallatteeffame isa tokko ta’uu eeranii, waliigaltichi dhaabbilee daandiiwwan qilleensaa gara bakka ga’umsa filatamanitti kallattiin akka qubatanii fi tajaajila aviyeeshinii mijataa akka kennan kan dandeessisu ta’uu hubachiisaniiru. Wixinee labsii tajaajila qilleensaa kanas, mana marichi labsii lakkoofsa 1417/2018 godhee sagalee guutuun raggaasiseera. Haaluma walfakkaatuun, wixineen labsii waliigaltee tajaajila qilleensaa Rippabliika Angoolaa fi Mootummaa Itiyoophiyaa gidduutti mallatteeffame mana marichaaf kan dhiyaate yoo ta’u; waliigaltichi hariiroo waggoota dheeraa biyyoota lamaan gidduu jiru caalaatti guddisuuf carraa kan uumu ta’uu ibsaniiru. Odeeffannoon Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa akka agarsiisutti, wixineen labsii kun Labsii Lakkoofsa 1418/2018 ta’uun sagalee guutuun ragga’eera. Gama biraatiin, waliigalteen tajaajila qilleensaa Mootummaa Itiyoophiyaa fi Baangilaadeesh gidduutti taasifame, yaa’insa geejjiba qilleensaa biyyoota lamaan gidduutti guddachaa jiru tilmaama keessa kan galche ta’uu kaasaniiru. Itti dabaluudhaan Invesitimentii kallattii alaa hawwachuu, daldala, tuurizimii fi biyya keenyaaf sharafni alaa akka argamu gochuu keessatti shoora olaanaa qaba jedhaniiru. Haaluma kanaan mana marichi wixinee labsii kana, Labsii Lakkoofsa 1419/2018 godhee sagalee guutuun raggaasiseera. Labsii wixinee tajaajila qilleensaa kan biraa mana marichaan ragga’e, waliigaltee Mootummaa Itiyoophiyaa fi Mootummaa Mootii Eswaatinii gidduutti taasifameedha. Kunis daangaa irra-deddeebii balali'aa malee balallii fe'umsaa gaggeessuu dabalatee, meeshaalee balaliif barbaachisan qaraxa gumruukii irraa bilisa galchuu kan dabalatu waan ta'eef, baasii balallii akka hir'isu hubachiisaniiru. Haaluma walfakkaatuun, mana marichi wixinee labsii kana Labsii Lakkoofsa 1420/2018 godhee sagalee guutuun raggaasiseera. Waliigalteewwan tajaajila qilleensaa kunneen, faayidaa Itiyoophiyaa kan kabachiisanii fi sektericha keessatti shoora ishiin naannichaa keessatti qabdu agarsiisuun fayyadamummaa ishee kan dabalan ta’uun ibsameera.
Bu'uraaleen Misoomaa Sektara Fayyaatiin raawwataman Itiyoophiyaan Wiirtuu Turizimii Fayyaa akka taatuuf humna guddaa ta'aa jiru
Jun 4, 2026 325
Caamsaa 27/2018 (ENA) – Ijaarsi bu’uraalee misoomaa fi fooyya’iinsi qulqullinaa sektara fayyaa keessatti raawwataman, Itiyoophiyaa wiirtuu turizimii fayyaa gochuuf humna guddaa ta’aa dhufuusaanii de’eetaan Ministira Fayyaa Doktar Darajjee Dhugumaa ibsan. Mootummaan Itiyoophiyaa fayyaa lammiilee eeguu fi dhaqqabamummaa tajaajila yaalaa haqa qabeessa ta’e mirkaneessuuf, imaammata fayyaa haaraa fooyya’e hojiirra oolchee kan jiru yoo ta’u, kunis dhukkuba ittisuu fi tajaajila yaalanii fayyisuu kennuu irratti xiyyeeffannoo guddaa godhateera. De’eetaan ministira Fayyaa Doktar Darajjee Dhugumaa ENA’f akka ibsanitti; yeroo dhiyoo as jijjiiramni haala jireenyaa, hir’inni sochii qaamaa fi dhabamni sirna nyaata madaalawaa hawaasa biratti argamu, dhukkuboonni daddarboo hin taane haalaan akka dabalaniif sababa ta'eera. Kanaafis dhukkuboota kanneen sadarkaa adda addaatti dursanii adda baasuu fi dandeettii yaalanii fayyisuu haala wal-gituun ol guddisuun barbaachisaa ta'ee waan argameen, imaammatni yaalanii fayyisuu inni haaraan xiyyeeffannoon hojiirra oolaa jira jedhaniiru. Imaammata haaraa kana hordofuun, dhaabbilee fayyaa sadarkaa hundatti argaman keessatti meeshaaleen yaalaa guutuun akkasumas humna namaa leenji'e lakkoofsaanis ta'e gosaan akka jiraatu gochuun, fayyaa hawaasaa eeguuf hojiiwwan hedduun raawwatamuu isaanii yaadachiisaniiru. Hospitaalonni gurguddoon sadarkaa Idil-Addunyaa kan eeggatan akka ta'an hojiiwwan hojjetamaa jiruun, hospitaalotni kunneen kanaan dura biyya keessatti tajaajiloota yaalaa ol’aanoo hin kennamne bifa bal'aan kennuu jalqabuu isaanii ibsaniiru. Milkaa'inni kunis, lammiilee tajaajila yaalaa fooyya'aa barbaacha gara biyya alaa deeman lakkoofsa isaanii haala hiika qabuun hir'isuun danda'amuu isaa eeraniiru. Galma Itiyoophiyaa wiirtuu turizimii fayyaa gochuuf qabame milkeessuuf, Finfinnee fi magaalota naannolee keessatti mootummaanis ta'e dameen dhuunfaa Hospitaalonni gurguddoo ijaaranii gara hojiitti akka galan ta'uu isaa eeraniiru. Gama biraatiin, qorichaa fi meeshaalee yaalaa dandeettii biyya keessaatiin oomishuun milkaa'ina waaraa sektarichaaf dhimma furtuu ta'uu kan ibsan De’eetaan ministiraa kun gama kanaan mootummaan xiyyeeffannoo addaa kennee socho'uu isaatiin bu'aawwan jajjabeessaan hedduun galmaa'aa jiraachuu itti dabaluun ibsaniiru. Haaluma kanaan, waggoota torba dura dandeettii qorichaa fi meeshaalee yaalaa ofiin oomishuu sadarkaa gadi aanaa dhibbeentaa 8 irra ture, yeroo ammaa kana gara dhibbeentaa 44 irratti ol guddisuun danda'amuu isaa ifa godhaniiru. Fuuldurattis oomishtoota biyya keessaa caalaatti cimsuudhaan, dandeettii oomishuu kana gara dhibbantaa 60 keessatti geessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa akka jiru De’eetaan Ministira kun ibsaniiru.
Milkaa'ina Marii Biyyaalessaatiif deeggarsa keenya hunda galeessa cimsinee itti fufna
May 29, 2026 2573
Caamsaa 21/2018(ENA): Marichi walii-galtee biyyaalessaatiif faayidaa guddaa kan qabu waan ta'eef, milkaa'ina adeemsa kanaatiif gumaacha isaanii cimsuun akka itti fufan gaggeessitootnii fi miseensonni Waldaa Dubartoota Magaalaa Finfinnee ibsan. Itiyoophiyaa keessatti garaagarummaa yaadaa hidda gadi fageeffate mareen furuuf fi dhaloota yaada caalmaan amanu horachuu karoorfamee kan jalqabame mareen biyyaalessaa, yeroo ammaa kana boqonnaa haaraa fi murteessaa irra gahee jira. Komiishiniin Maree Biyyaalessaa naannolee hundatti, bulchiinsota magaalaa lamaanitti, dhaabbilee federaalaa fi lammiilee biyya alaa jiraatan biratti adeemsa walitti qabiinsa qabxii marii (ajandaa) gaggeessaa ture milkaa'inaan xumureera. Aanaarraa eegalee hanga wiirtuutti haala baay'ee ifa ta'een adeemsa raawwatame kanaan, bakka bu'oota yaa'ii biyyaalessaa guddaa irratti hirmaatan adda baasuunis xumurameera. Hirmaachisummaa qaamolee hawaasaa garaa garaa irra galtee walitti qabuu kun, komiishinichi gara yaa'ii maree biyyaalessaa guddichaatti ce’uuf bu'uura amansiisaa lafa kaa’eera. Yeroo ammaas yaa'ii seena-qabeessa kana gaggeessuuf hojiileen qophii bal'inaan hojjetamaa kan jiran yoo ta'u, kunis Itiyoophiyaan garaagarummaa ishee haala qaroominaan furuun biyya fooyya'aa ijaaruuf carraaqqii gochaa jirtu ifatti kan agarsiisudha. Pirezdaantiin Waldaa Dubartoota Magaalaa Finfinnee Aadde Innaataalam Indaalee ENAtti akka ibsanitti; waldichi maree biyyaalessaa kana irratti hirmaattota adda baasuu irraa eegalee hojiiwwan gurguddoo hojjechaa tureera jedhani. Mareen biyyaalessaa ijaarsa sirna deemokiraasii fi guddina waligalaatiif murteessaa ta'uu eeranii, ajandaawwan hirmaannaa wal-qixxummaa dubartootaa mirkaneessan dabarsanii kennuu isaanii dubbataniiru. Yaa'ii maree guddicha gara fuulduraatti gaggeeffamu irratti miira abbummaatiin mari'achuuf hojii qophii duraa hojjechaa jiras jedhaniiru. Gama biraatiin, Walitti-qabduun Waldaa Dubartoota kutaa magaalaa Boolee aadde Masarat Sorsaa, adeemsi maree biyyaalessaa hanga amma qabate walaba, ifaa fi hirmaachisaa ta'uu eeraniiru. Kanaanis lammiin hundi ajandaa kamiyyuu bilisummaan kaasaa akka turan yaadachiisaniiru. Jiraattuun Kutaa Magaalaa Nifaas Silki Laaftoo fi miseensa waldichaa kan ta'an aadde Sabilee Balaay gama isaaniitiin, adeemsi hanga ammaa hirmaannaa fi gumaacha dubartootaa gara fuulduraa kan agarsiise qofa osoo hin taane, hammataa kan ture ta'uu ibsaniiru. Pireezdaantiin Waldaa Dubartoota Magaalaa Finfinnee Aadde Innaataalam Indaalee, milkaa'ina fi bu'aa-qabeessummaa maree biyyaalessaatiif qaamoleen dhimmamtootaa fi hawaasni hundi itti-gaafatamummaa dhuunfaa isaanii haala gaariin bahachuu akka qaban dhaamaniiru. Dubartoota Finfinnee qindeessuun qooda isaanii kutannoon akka bahanis eeraniiru.
Diinagdee
Bara bajatichaatti gaaffilee misoomaa ummataa deebisuuf hojiilee eegalaman xumuruuf ni hojjetama
Jun 4, 2026 217
Caamsaa 27/2018 (ENA) - Bara bajataa 2018 gaaffilee misoomaa ummataa deebisuuf hojiilee eegalaman xumuruuf akka hojjetamu paartii badhaadhinaatti hogganaan waajjira damee naannoo Hararii obbo Geetuu wayyeessaa ibsan. Bara bajataa 2018 yeroo hafanitti naanoo Harariitti hojiilee hojjetamanirratti mariin gaggeeffameera.. Paartii badhaadhinaatti hogganaan waajjira damee naannoo Hararii obbo Geetuu wayyeessaa maricharratti akka ibsanitti, karoora bara bajatichaa itti aanu milkaa’inaan xumuruuf xiyyeeffatamee ni hojjetama. Kanaaf dhaabbileen gaaffilee bulchiina gaarii fi misoomaa ummanni gaafatu deebisuuf hojiilee eegalan yeroo hafetti xumuruuf xiyyeeffatanii hojjechuu akka qaban ibsaniiru. Keessumaa bu’aalee misooma turizimii, qulqullinaa fi qaqqabummaa tajaajila barnootaa fi fayyaa fi miaooma kooriidariirratti galmaa’an cimsuun itti fufsiisuun xiyyeeffannoon addaa akka kennamuuf ibsaniiru. Maaddii guutuu fi qonna magaalaa cimsuudhaan oomishaa fi oomishtummaa qonnaa guddisuun bara bajatichaatti xiyyeeffannoo addaatiin cimanii akka itti fufan hubachiisaniiru. Carra hojii uumuudhaaf xiyyeeffannoo kennuudhaan fayyadamummaan dinagdeesanii akka guddatu gochuun tumsi akka taasifamu ibsaniiru.
Yuunivarsiitiin Haramaayaa teeknooloojiiwwan qorannoo qonnaa jijjiirama qilleensaa dandamachuu danda’an cimsaa jira
Jun 4, 2026 269
Caamsaa 27/2018 (ENA): Yuunivarsiitiin Haramaayaa oomisha qonnaa jijjiirama qilleensaa dandamachuu danda’uu fi omisha olaanaa argamsiisuu danda’u irratti hojii qorannoo fi ce’umsa teeknooloojii daran cimsuu beeksise. Akka itti aanaan pireezidaantii qorannoo fi misooma hawaasaa yunivarsiitichaa Dr. Isaaq Yusuuf himanitti, yeroo ammaa kana gosoota midhaanii fi horsiisa beeyladaa jijjiirama qilleensaa wajjin walsimu irratti xiyyeeffatanii hojjechaa akka jiran dubbatan. Gosoota midhaanii fi beeyladaa haaraa haala qilleensaa jijjiiramaa naannoo tokkoon tokkoon isaanii dandamachuu danda’anii fi hawaasaa fi qonnaan bultootaaf oomisha fooyya’aa argamsiisuu danda’an raabsuu fi babal’isuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu eeraniiru. Haaluma kanaan bara kana qofa oomishaalee qonnaa jiranii fi haaraa jijjiirama qilleensaa dandamachuu danda’anii fi omisha olaanaa argamsiisan 120 hawaasaaf dhiyaachuu isaanii itti aanaan pireezdaantii beeksisaniiru. Itti dabaluunis yuunivarsitichi damee qonnaa qofa osoo hin taane fayyaa fi teeknooloojiin hojjachaa jiraachuu fi beekamtii argachaa jiraachuu ibsaniiru. Keessumaa gama teeknooloojiin teeknooloojiiwwan jijjiirama qilleensaaf mijatoo fi baasii xiqqaa ta’een qopheessuuf qorannoon hojjetamaa jira jedhan. Yuunivarsiitichatti Piroofeesara Saayinsii Biqiltootaa fi Qindeessaa Qorannoo Qonnaa kan ta’an Dr. Yoonaas Mogas jijjiiramni qilleensaa yeroodhaa gara yerootti dabalaa dhufuun omishaafi oomishtummaarratti dhiibbaa geessisaa jiraachuu ibsaniiru. Dhiibbaan jijjiirama qilleensaa keessumaa kutaalee Baha biyyattii keessatti mul’achuu isaa hubachiisuun, rakkoo kana furuuf yunivarsiitichi teeknooloojiiwwan qorannoo adda addaa hojjeteera jedhan. Bara darbe gosootni loozii hongee dandamatanii fi oomisha gahaa kennan lama misoomsuun qonnaan bultootaaf naannoo roobni muraasni itti roobutti raabsamuu eeraniiru. Gosoota midhaanii biroo adda addaa jijjiirama qilleensaa dandamachuu danda’an irrattis qorannoon taasifamaa jiraachuu fi fayyadamtootaaf raabsamaa jiraachuu ibsaniiru. Inistiitiyuutii Teeknooloojii Yunivarsiitichatti Daarektarri Olaanaa, Barsiisaa fi Qorataan Injinar Hamzaa Ahmadnuur akka jedhanitti, yuunivarsitichi pirojektoota qorannoo gama teeknooloojii rakkoo hawaasaa furuun gaggeessaa jira. Injiinar Hamzaa akka jedhanitti, meeshaalee naannootti argamanii fi baasii xiqqaa ta’an fayyadamuun manneen ijaaruu irratti qorannoon gaggeeffamuu eeruun, kunis akka biyyaatti fudhatama argatee babal’isuuf hojiin hojjetamaa jira jedhan. Yuunivarsiitiin Haramaayaa tibbana Yaa’ii Gamaaggama Qorannoo fi Hirmaannaa Hawaasaa Waggaa 43ffaa gaggeessuun ni yaadatama. #Itiyoophiyaan filatteetti #Itiyoophiyaan_Mo’atteetti #ENA_Afaan_Oromoo #ENA#Filannoo
Naannoo Harariitti lafa hektaara kuma 11fi 956 sanyiin facaasuuf karoorfamee hojjatamaa jira
Jun 3, 2026 754
Caamsaa 26/2018 (ENA) Naannoo Harariitti qonna Arfaasaa fi Gannaatiin waliigala lafti heektarri kuma 11 fi 956 sanyiidhaan facaasuuf karoorfamee hojjatamaa akka jiru Biroon Qonnaa naannichaa beeksiseera. Itti-Antuun Pirezidaantii Naannichaa fi hoggantuun Biiroo Misooma Qonnaa Roozaa Umar akka ibsanitti; lafa xiqqaa naannicha keessa jiru sirnaan itti fayyadamanii oomishtummaa guddisuuf hojiin qindoomina qabu hojjatamaa jira. Naannichatti bara oomishaa 2018/19 keessa Qonna Arfaasaa fi Gannaan waliigala lafa hektaara kuma 11 fi 956 midhaan akaakuuwwan adda addaatiin misoomsuuf hojjatamaa akka jiru ibsaniiru. Rooba Arfaasaatiin hanga yoonaatti lafti heektarri kuma 8 fi 681 sanyiin faca’uu eeranii, lafa hafe heektara kuma 3 fi 275 immoo rooba gannaatiin bisingaa fi qamadii dafee gahu facaasuuf hojiin qophii duraa barbaachisu hojjatamaa jira jedhaniiru. Aanaalee baadiyyaa naannichaa sadan keessatti sanyiiwwan midhaanii misoomaa jiran Bisingaa, boqqolloo fi qamadii ta'uusaaniis eeraniiru. Oomishtummaa qonna gannaa guddisuuf xaa'oon, sanyii fi dhiyeessii galteewwan qonnaa biroon qonnaan bulaaf raabsamuu isaa kan eeran Itti-Antuun Pirezidantii kun, bara oomisha kana keessa sanyiiwwan midhaanii misoomaa jiran irraa oomisha kuntaala kuma 300 walitti qabuuf karoorfamuu isaas ibsaniiru. Ogeeyyiin qonnaa sadarkaan jiran qonnan bultootaaf deeggarsa ogummaa barbaachisu taasisaa akka jiranis ibsaniiru. Kanaanis Qonnan bultoonni rooba eeggachuu irraa bilisa gochuu fi fayyadamummaa isaanii guddisuu irratti hojiin jajjabeessaan hojjatameera jedhaniiru. Fuuldurattis bu'aawwan jajjabeessoo argaman ittifufuudhaan fayyadamummaa qonnaan bultootaa mirkaneessuu fi oomishtummaa guddisuuf xiyyeffannoo guddaan kan kennamu ta'uu ibsaniiru.
Mootummaan guddina egeree fi dandeettii dorgomuu damee industiriitiin karoorfame mirkaneessuuf imaammattoota fooyyesseera
Jun 3, 2026 453
Caamsaa 26/2018(ENA)- Mootummaan guddina egeree fi dandeettii dorgomuu dame industiriitiin karoorfame mirkaneessuuf imaammattoota fooyyesseera jechuun ibsan itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen fuula marsariitiisaaniirratti akka ibsanitti, walabummaa fi bilisummaan biyyaa guutummaatti kan mirkanaa’u oomishoota industirii qulqullinaan, akaakuu fi baay’inaan beekumsa ofii, ogummaa ofii fi teeknooloojii ofiitiin oomishuu yeroo dandeenyudha. Mootummaanis guddina egeree fi dandeettii dorgomuu damee industiriitiin karoorfame mirkaneessuuf imaammattoota fooyyesseera jedhan. Hojmaatilees diriirseera. Onnachiiftuus taasiseera jechuun insaniiru. Qaama riifoormii kanaa kan ta’e sosochiin Itiyoophiyaan haa oomishtuus bu’aansaa ifatti mul’achaa jira jedhaniiru.
Saayinsii fi teeknooloojii
Tajaajilli Giddugala Tokkoo (Masoob) Tajaajila Mootummaa Ammayyeessuun Rakkoo Lammiilee furaa jira - Kantiibaa Adaanech Abeebee
Jun 4, 2026 149
Caamsaa 27/2018 (ENA): Tajaajilli Giddugala Tokkoo (Masoob) tajaajila mootummaa ammayyeessuun rakkina lammiilee furaa jira jedhan kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaaneech Abeebee. Kantiibaa Adaanech Abeebee Tajaajila Dijitaalaa Giddugala Tokkoo (Masoob) kutaa magaalaa Kolfee Qaraaniyootti ijaarame eebbisuun hojii isaa eegalchiisaniiru. Akka sirna eebba kana irratti ibsanitti aadde adaanech, Finfinneetti kenniinsa tajaajilaa gahumsaa fi saffisaa ta’e kan haqummaa tajaajila mootummaa mirkaneessu uumamuu ibsaniiru. Tajaajilli Giddugala Tokkoo rakkoolee Bulchiinsa gaarii hawaasni tajaajila mootummaa argachuu keessatti mudatu dhabamsiisuu keessattis gahee olaanaa taphachaa jira jedhan. Tajaajila Giddugala Tokkoo irraa gara tajaajila socho’aatti dabarsuudhaan dhaqqabummaa babal’isuuf hojjetamaa akka jiru ibsaniiru. Kunis magaalattiin tajaajila mootummaa gahumsaa fi bu’a qabeessa taasisuuf kutannoo qabdu kan agarsiisudha jedhan. Tajaajilli Giddugala Kolfee Masoob eebbaaf qophaa’ee tures haala tajaajila ammayyaa fi gahumsa qabu hawaasaaf kennuu danda’uun ijaaramuu isaa ibsaniiru. Hogganaan Biiroo Pablik Sarvisii Magaalaa Finfinnee sadarkaa itti Aanaa Kantiibaatti Dr. Jamaaloo Jambaruun tajaajilli Giddugala ‘Addis Mesob’ hojii bu'a qabeessa ta'ee rakkoo lammiilee furaa jiraachuu himani. Dhaqqabummaa giddugala wiirtuu tokkoo magaalaa guddootti babal’isuun tajaajila mootummaa ammayyeessuun bu’a qabeessummaan hojiirra oolmaa fooyya’aa akka jiru ibsaniiru. Hojii gaggeessaan Olaanaan Bulchiinsa Magaalaa Kolfee Qaraaniyoo obbo Tewoodiroos Wolde Mikaa’eel tajaajilli Giddugala ‘Kolfee Masoob’ tajaajila magaalaa guddichaa haala mijeessuuf bu’aa guddaa qaba jedhan. #Itiyoophiyaan_Filatteetti #Itiyoophiyaan Mo’atteetti #Filannoo #ENA #ENA_Afaan_Oromoo
Yuunivarsiitiin Haramaayaa Teekinooloojiiwwan Qorannoo Fayyadamummaa Hawaasaa guddisan dagaagsaa jira
May 28, 2026 2848
Caamsaa 20/2018(ENA): Yuunivarsiitiin Haramaayaa Teekinooloojiiwwan qorannoo fayyadamummaa Hawaasaa guddisan dagaagsaa jiraachuu beeksiseera. Yuunivarsiitichi yaa'ii gamaggama qorannoo fi hirmaannaa hawaasaa waggaa 43ffaa mata duree "kalaqa naannoof mijatuu fi eegumsa ikkooloojii ijaarsa Hawaasaa cimaatiif " jedhuun gaggeessaa jira. Itti-aanaan Pirezidaantii Qorannoo fi dhimma Hawaasaa Yuunivarsiitichaa Dr. Yisihaaq Yuusuf waltajjicharratti akka himanitti, Yuunivarsiitichi dameewwan qonnaa, Fayyaa, Teeknoolojii, Barnoota, Seeraa, Saayinsii Hawaasaa fi hojiiwwan qorannoo biroo irratti hojjechaa jira jedhani. Keessattuu barana Yuunivarsiitichi Pirojektoota 116 irratti hojii qorannoo gaggeessaa akka jiru eeranii, isaan keessaa 42 xumuramuu isaanii dubbataniiru. Hojiiwwan qorannoo fi Teeknoolojii Yuunivarsiitichi baajata birrii biliyoona 1 ol ramadee hojjechaa jiru kunis fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessaa akka jiru beeksisaniiru. Yuunivarsiitichi barana teeknoolojiiwwan qonnaa 95 ol qonnaan bulaaf raabsuu isaas ibsaniiru. Yuunivarsiitichi eegumsaa fi bulchiinsa qabeenya uumamaa ilaalchisee Bulchiinsa Dirree Dhawaa, Hara Haramaayaa, Addeellee, Dhangaggoo fi suluulawwan biroo irratti hojiiwwan qindaa'oon hojjetamaa jira jedhaniiru. Gama tajaajilaa fi hirmaannaa hawaasaatiin, lammiilee kuma 150 ol ta'aniif tajaajila seeraa bilisaa kennuu dabalatee damee Fayyaa, Barnootaa fi kanneen biroon hojiiwwan jajjabeessaan hojjetamuu isaanii kaasaniiru. Waltajjiin gamaggamaa kun hojiiwwan jajjabeessoo Yuunivarsiitichi hojjechaa jiru itti fufsiisuu fi hanqinoota mul'atan furuuf kan gargaaru ta'uun eerameera. Yaa'ii qorannoo fi hirmaannaa hawaasaa Yuunivarsiitichi yeroo 43ffaaf gaggeessu kanaan firiiwwan qorannoo 32 dhiyaatanii mariin irratti ni taasifama jedhameera. Yaa'ii guyyoota sadiif qophaa’e kana irratti hayyoonnii fi qorattoonni Yuunivarsiitichaa, Manneen hojii seektaraa, qooda fudhattootaa, akkasumas bakka bu'oonni hawaasaa, Abbootii Gadaa fi Haadholiin Siinqee hirmaachaa jiru.
Appiin Mirkaneessa Qulqullina Omishaa Raawwii Daldala Itiyoophiyaa Fooyyessa – Dr. Kaasahun Goofee
May 21, 2026 3578
Caamsaa 13/2018 (ENA): Appiin mirkaneessa qulqullina oomishaa haaraan kun raawwii daldala Itiyoophiyaa ni fooyyessa jedhan Ministirri Daldalaa fi walitti hidhaminsa Naannawaa Dr. Kaasahun Goofee. Ministirri Daldalaa fi walitti hidhaminsa naannawaa Dr. Kaasahun Goofee fi Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutii sadarkaalee Itiyoophiyaa Dr. Masarat Baqqalaa sirna eebbaa appii qulqullina oomishaa onlaayiniin mirkaneessu irratti hirmaataniiru. Kanuma waliin Ministirri Daldalaa fi walitti hidhaminsa naannawaa Dr. Kaasahuun Goofee qulqullina oomishaa fi tajaajilaa mirkaneessuun xiyyeeffannoo mootummaa Itiyoophiyaa ta’uu ibsaniiru. Jijjiirama waggoota darban keessatti sirni daldalaa Itiyoophiyaa ammayyeessuun raawwii bu’a qabeessa ta’een qulqullina olaanaa akka argatu ibsaniiru. Appiin haaraan qulqullina oomishaa onlaayiniin mirkaneessuus tajaajilaafi qulqullina oomishaa raawwii fooyya’aa ta’een qajeelchuuf akka gargaaru himaniiru. Yeroo ammaa kana tajaajilli hedduun Ministeera Daldalaa fi walitti hidhaminsa naannawaatiin karaa dijitaalaa kennamaa akka jirus hubachiisaniiru. Kunis sirna daldala Itiyoophiyaa ammayyeessuuf gahee olaanaa taphachaa akka jiru ibsaniiru. Appilikeeshiniin mirkaneessa qulqullina omishaa Inistiitiyuutii sadarkaalee Itiyoophiyaan qopheesse daldala al-ergii fi galtee haalaan akka mijeessuus ibsaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Lakkooftuuwwan sirna ammayyaa ( ismaartii) fi iftoomina qabu hojiirra oolchuun qisaasama anniisaa hir’isuun danda’ameera
May 20, 2026 2786
Caamsaa 12/2018 (ENA): Tajaajilli Humna Ibsaa Itiyoophiyaa Lakkooftuuwwan sirna ammayyaa ( ismaartii) fi iftoomina qabu hojiirra oolchuun qisaasama anniisaa hir’isuun danda’ameera jedhe. Tajaajilichatti Daarektarri Sagantaa Raabsaa fi Otoomaashinii Tasfaayee Hirphaa ENAtti akka himanitti, Tajaajilichi tajaajila ibsaa amanamaa, jijjiiramaa fi dhaqqabamaa ta’e kennuudhaaf lakkooftuu ammayyaa( ismaartii ) dabalatee hojiiwwan adda addaa hojiirra oolchaa jira jedhani. Kanaafis lakkooftuuwwan ismaartii kuma 500 kan bitame yoo ta’u, akka biyyaatti lakkooftuu kuma 160 dhaabamuu ibsaniiru. Lakkooftuuwwan ismaartii kaa’aman keessaa kuma 140 marsaa tokkoo yoo ta’u, kanneen hafan ammoo marsaa sadii ta’uu ibsuun; kunis cimee itti fufa jedhaniiru. Tajaajila kana daran babal’isuuf lakkooftuuwwan ammayyaa 300,000 biyyattii keessatti hojiirra kan oolu ta’uu ibsaniiru. Lakkooftuuwwan ismaartii teeknooloojiiwwan maamiltoonni rakkoo tokko malee kaffaltii akka raawwatan taasisu ta’uu himaniiru. Fayyadamtoonni anniisaa hangamii akka fayyadaman akka hubatan kan gargaaran yoo ta’u, fayyadama anniisaa isaanii hubachuu fi itti fayyadama hin barbaachifne hir’isuun anniisaa qusachuu akka danda’an dubbataniiru. Komii maamiltootaa lakkooftuu waliin walqabatanii fi itti fayyadama anniisaa waliin walqabatee ka’u guutummaatti kan dhabamsiisu ta’uu ibsuun; dhaabbatichi odeeffannoo itti fayyadama anniisaa irratti harkifannaa fi dogoggora dubbisuu irraa kan ka’e maallaqa akka hin dhabne kan taasisu ta’uu ibsaniiru. Lakkooftuuwwan ismaartii gosa hanna lakkooftuu kamiyyuu ykn hayyama malee seenuu kallattiin kutaa to’annoo giddugaleessaatti gabaasuuf dandeettii akka qaban himaniiru. Tajaajilli kun ciccitiinsa ibsaa ittisuuf hojii eegalame keessatti akka gargaaru eeranii; lakkooftuun kun yeroo humni ibsaa guddaan addaan citu balaa akka hin mudanneef sirna humna cufuu danda'u akka qabu eeraniiru. Riijinii Finfinnee Bahaatti Giddugala Tajaajila Elektirikii Lakkoofsa Saddeetitti hojiigaggeessaa kan ta’an Dirribaa Abdiisaa akka himanitti; Giddugalichi jiraattotaa fi maamiltootaaf lakkooftuu ammayyaa(ismaartii) abbaa feezii tokkoo fi sadii dhaabaa jira jedhani. Teeknooloojiin lakkooftuu ammayyaa ( ismaartii) haaraa ta’uu ibsuun; Tajaajila kana ilaalchisee hojiin hubannoo uumuu bal’aan hawaasaaf hojjetamaa jira jedhani. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Ispoortii
Finfinneetti namuusa dargaggootaa guddisuu fi dandeettii ispoortii kan guddisan bu'uuraaleen misoomaa bal'aan ijaaramaniiru - Kantiibaan Adaanech Abeebee
May 24, 2026 4041
Caamsaa 16/2018 (ENA): Finfinneetti namuusa dargaggootaa guddisuu fi dandeettii ispoortii kan guddisan bu'uuraaleen misoomaa bal'aan ijaaramaniiru Kantiibaan Adaanech Abeebee jedhani. Kantiibaan Adaanech Abeebeen Istaadiyeemii Hawaasa Lammii kutaa magaalaa Boolee naannoo Garjiitti ijaarame eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Deeggarsa maallaqaa Kaapteen Abarraa Lammiin kan ijaarame istaadiyeemiin kun dirree kubbaa miilaa, daandii fiigichaa, teessoo daawwattootaa akka roobnif aduun nama hin mine qabu, manneen daldalaa carraa hojii dargaggootaaf oolu, manneen qulqullinaafi mana fincaanii, jimnaaziyeemii fi mana kuusaa of keessaa qaba. Ergaa kana sababeeffachuun dabarsaniin kantiibaan magaalattii aadde Adaanech Abeebeen; Bu’uuraalee ispoortii babal’isuun dhaloota fayya qabeessaa fi oomishtummaa qabu uumuu keessatti gahee olaanaa akka qabu ibsaniiru. Bu’uuraaleen ispoortii bakka bashannanaa mijataa uumuun alattis lammii qaamaa fi xiinsammuu fayyaa qabu bocuuf gargaaruu akka danda’an himaniiru. Bulchiinsi magaalattii keessatti wiirtuuwwan ispoortii fi dirree tapha ammayyaa hedduu ijaaree ummanni akka fayyadamu taasisuu eeraniiru. Ijaarsi wiirtuuwwan ispoortii hirmaannaa dargaggoota ispoortii irratti dabaluu eegale itti fufuus mirkaneessaniiru. Kaappiteen Abarraa Lammii tajaajila kana fakkaatu hawaasaaf ijaarsisanii dabrsanii kennuun isaanii kan galateeffataman ta’uu eeruun,hawaasnis kunuunsaa fi eegumsa gochuu akka qabu dhaamaniiru.
Itiyoophiyaan dorgommii tarkaanfii kiiloo meetira 20 koorniyaa lamaaniinuu warqee injifatte
May 16, 2026 3929
Caamsaa 8/2018 (ENA): Shaampiyoonaa Atileetiksii Afrikaa 24ffaan Gaanaa Akiraatti gaggeeffamaa jiru har’a guyyaa 5ffaa isaa qabateera. Atileet Misgaanaa Waaqumaa dhiirotaan dorgommii tarkaanfii kiiloo meetira 20 injifateera. Waancaa Shaampiyoonaa Afrikaa yeroo lammataaf walitti aansuun sadarkaa tokkoffaa bahuun kabaja isaa eeggachuu danda’eera. Atileetiin Itiyoophiyaa kan biraa Abdulsalaam Abdulwahib sadarkaa sadaffaa bahuun biyya isaatiif meedaaliyaa naasii injifateera. Dubartootaan atileet Wubaalem Shigguxee dorgommii tarkaanfii kiiloo meetira 20 tokkoffaa bahuun meedaaliyaa warqee injifatteetti. Dorgommii wal fakkaatuun atileet Hiwot Ambaawu 4ffaa yoo baatu,atileet Maaree Bitawu ammoo 8ffaa bahuun xumurteetti. Bu'aa kana hordofuun lakkoofsi meedaaliyaa warqee Itiyoophiyaan injifatte shan gaheera. Itiyoophiyaan shaampiyoonaa kanaan hanga ammaatti walumaa galatti meedaaliyaa 11 kan injifatte yoo ta’u, warqee shan, meetii tokkoo fi naasii shan, walumaa galatti meedaaliyaa 11 argatteetti. Shaampiyoonichi boru xumurama. #ENA_Afaan_Oromoo #TOI #ENA
Dorgommiiwwan Shaampiyoonaa Atileetiksii Afriikaa Atileetonni Itiyoophiyaa irratti hirmaatan
May 15, 2026 3130
Caamsaa 7/2018 (ENA)-Shaampiyoonaan Atileetiksii Afriikaa 24ffaa Gaanaa Akiraatti gaggeeffamaa jiru har’a guyyaa afraffaa qabateera. Galgala sa’aatii 2 fi daqiiqaa 5tti dorgommiin xumuraa dubartootaa meetira 10000 ni gaggeeffama. Asaffuu Abrihaa, Simrat Barhee fi Zeyin Ayyeliny Itiyoophiyaa bakka bu’uun dorgommicharratti ni hirmaatu. Atileet Zeyin Ayyeliny dorgommii dubartootaa meetira 5000’n meedaaliyaa naasaa mo’achuunshee ni yaadatama. Atileet Geetaahuun Taaddasaa dorgommii gulaallii gufachiisaa dhiirotaa meetira 110 irraati ni hirmaata. Itiyoophiyaan shaampiyoonaa Kanaan amma ammaatti meedaaliyaa warqee sadii, meetii tokkoo fi naasa sadii walumaa gala meedaaliyaa torba mo’atteetti. Shaampiyoonaan Atileetiksii kun iftaan xumurama.
Jilli Itiyoophiyaa Shaampiyoonaa Atileetiksii Afrikaa 24ffaaf gara Akiraatti qajeele
May 10, 2026 3883
Caamsaa 2/2018 (ENA): Jilli Itiyoophiyaa Shaampiyoonaa Atileetiksii Afrikaa Gaanaa Akiraatti gaggeeffamu irratti hirmaatu har’a ganama gara iddoo sanaatti deemeera. Jilli kun dubartoota 31 fi dhiirota 32, walumaa galatti atileetota 63, akkasumas leenjistoota 12 of keessaa qaba. Kana malees jilli kun ogeeyyii fayyaa 3, ogeeyyii miidiyaa sadii, dursaa garee teeknikaa fi ofiishaalonni jaha imala kana irratti argamaniiru. Shaampiyoonaan Atileetiksii Afrikaa 23ffaa Kaameeruun magaalaa Dowaalaatti gaggeeffameen Itiyoophiyaan warqee 5,meetii 4 fi naasa 1 walumaa galatti meedaaliyaa 10 argachuun Afrikaarraa sadarkaa 4ffaa qabattee kan xumurte yoo ta’u,bara kanas bu’aa fooyya’aa galmeessisuuf qophoofteetti. Federeeshiniin Atileetiksii Itiyoophiyaa shaampiyoonaa kun Caamsaa 4 hanga Caamsaa 9, 2018tti akka gaggeeffamu beeksiseera. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Naannoo Harariitti biqiltuuwwan miiliyoona 1.7 ol dhaabuuf qophaa'aniiru
May 28, 2026 3034
Caamsaa 20/2018 (ENA): Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaatiin biqiltuuwwan miiliyoona 1.7 ol dhaabuuf qophaa’uu Biiroon Misooma Qonnaa Naannichaa beeksise. Akka Itti Gaafatamaa Itti Aanaa Biiroo Misooma Qonnaa Naannichaa obbo Nasraddiin Ahimad himanitti, Ganna bara kanaa Sagantaa Ashaaraa Magariisaatiin biqiltuun miiliyoona 1.7 ol ni dhaabama jedhani. Biqiltuu dhaabamuu qabu keessaa miiliyoona 1.5 ol biqiltuu kuduraafi muduraa fi bosona ta’uu ibsaniiru. Isaan keessaa kuma 200 ol biqiltuu nyaata beeyladaaf oolu ta’uus ibsaniiru. Hojiin naannichatti iddoowwan buufataalee biqiltoowwaniitti lammiilee hedduudhaaf carraa hojii akka uume eeraniiru. Sagantaa Ashaaraa Magariisaan hanga ammaatti hojiiwwan hojjetaman bu’a qabeessa akka ta’an kan eeran yoo ta’u,kunis uwwisa bosona naannichaa dabaluu fi fayyadamummaa diinagdee lammiilee fooyyessuu kan danda’e ta’uu ibsaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Sagantaa Asharaa Magariisaan biqiltoota faayidaa hedduu qaban dhaabuuf qophiin taasifameera
May 28, 2026 1596
Caamsaa 20/2018(ENA): Sagantaa Asharaa Magariisaa baranaatiin biqiltoota faayidaa hedduu qaban dhaabuuf qophiin taasifamuu Waajjirri Qonnaa Godina Shawaa Bahaa beeksiseera. Itti aanaan itti gaafatamaa waajjirichaa obbo Abinnat Zagayyee ENA’f akka ibsanitti; erga sagantaan Asharaa Magariisaa ifoomee eegalee biqiltoonni faayidaa garaa garaa qaban dhaabamaniiru jedhani. Kunis, fayyadamummaa diinagdee qonnaan bultootaa qabatamaan mirkaneessuudhaan bu'aa argamsiisuu isaa eeranii, oomishaa fi omishtummaa midhaanii guddisuuf gumaacha olaanaa gochuu isaa akka fakkeenyaatti eeraniiru. Sagantaa Asharaa Magariisaa baranaatiifis biqiltoonni misooma bosonaa fi faayidaa diinagdee qaban miliyoona 269.5 ta'an buufataalee biqiltootaa aanaalee hundaa keessatti qophaa'uu isaanii mirkaneessaniiru. Barana lafa hektaara kuma 45 fi 563 irratti hojiin biqiltuu dhaabuu akka gaggeeffamus himaniiru.
Haala teessuma istaatistiksii fi bifa Itiyoophiyaa mataa ofiitiin ibsuun birmadummaa odeeffannootiif ragaadha.
May 20, 2026 3439
Caamsaa 12 /2018 (ENA): Haala teessuma istaatistiksii fi bifa Itiyoophiyaa mataa ofiitiin ibsuun birmadummaa odeeffannootiif ragaadha jedhani Daarektarri Olaanaa Tajaajila Istaatistiksii Itiyoophiyaa Dr. Bakar Shaalee. Yaa’iin Biyyaalessaa mata duree “Birmadummaa Odeeffannoo Bilisummaa Imaammataaf” jedhuun qophaa’e bakka MM Dr. Abiyyi Ahimad fi hoggantoonni olaanoo mootummaa argamanitti gaggeeffameera. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad yeroo konfiraansii kana ifatti banan ergaa dabarsan keessatti odeeffannoon qabeenya tarsiimoo bara kanaa fi mootummaa cimaa ijaaruuf utubaa birmadummaa ijoo ta’uu dubbataniiru. Odeeffannoon qaamolee biyya biraa irratti hirkate hawwii biyyaalessaa keenya galmaan gahuu waan hin dandeenyeef; Daataa ofii walitti qabuu fi xiinxaluun birmadummaa imaammataa mirkaneessuuf qabeenya murteessaa ta’uu ibsaniiru. Daarektarri Olaanaa Tajaajila Istaatistiksii Itiyoophiyaa Dr. Bakar Shaalee ENAtti akka himanitti, dhaabbati isaanii ragaa istaatistiksii haala hawaasummaa fi dinagdee biyyattii sirritti calaqqisiisu maddisiisaa jira jedhani. Dhaabbatichi irra caalaa ragaa istaatistiksii ofiisaa maddisiisuudhaan akka bu’uura murteessitootni, karooraa fi tooftaalee misoomaatti fayyadamuu danda’an ta’uus eeraniiru. Haaromsi diinagdee erga jijjiiramni dhufee galmaa’ee fi saffisi dijiitaalaayizeeshinii biyyattii baay’ee kan nama dinqisiisu ta’uu hubachiisuun, guddinni waliigalaa Itiyoophiyaan agarsiisaa jirtu dandeettii misooma humna namaa fi dandeettii ogeessota ishee haalaan dabalaa akka jiru ibsaniiru. Yeroo ammaa guddinni hubannoo namtolchee biyyattii keessatti mul’achaa jiru sadarkaa biyyoonni Afriikaa biroo baratanii fakkeessuun danda’amu irra ga’uu ibsaniiru. Beekumsaa fi dandeettii teeknooloojii kana fayyadamuun fuula dhugaa biyyattii istaatiksii fi bifa ishee ibsuun birmadummaa odeeffannootiif ragaa ta’uus hubachiisaniiru. Yeroo ammaa gahumsi odeeffannoo funaanuufi xiinxaluu Tajaajila Istaatistiksii Itiyoophiyaa olaanaa ta’uu himaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Ashaaraa Magariisaa bara kanaaf hanga ammaatti biqiltuun biiliyoona 8.6 ol qophaa’eera – Ministeera Qonnaa
May 19, 2026 2735
Caamsaa 11/2018 (ENA): Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaatiif hanga ammaatti biqiltuun biiliyoona 8.6 ol qophaa’uu Ministeerri Qonnaa beeksise. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa dhiibbaa jijjiirama qilleensaa hir’isuu fi wabii nyaataa mirkaneessuu keessatti faayidaa kallattii hedduu argamsiisaa jira. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa bara 2011 kaka’umsa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad tiin eegalame, gama biqiltoota biyya keessaa fi qabeenya uumamaa eeguu, dhiibbaa hamaa jijjiirama qilleensaa ittisuu fi wabii nyaataa lammiilee mirkaneessuun jijjiirama adda duree fideera. Waggoota torban darban keessatti hojiiwwan hojjetaman keessatti bu’aan jajjabeessaan galmaa’eera; sagantichaan biqiltuu biiliyoona 48 dhaabuun uwwisa magariisa biyyattii haalaan guddisuu danda’eera. Misoomni Ashaaraa Magariisaa Itiyoophiyaa kunuunsa qabeenya uumamaa bira darbee bu’aa hedduu kan fide yoo ta’u, jijjiirama qilleensaa hir’isuun gama diinagdee, hawaasummaa fi dippilomaasii biyyaalessaa fi idil-addunyaatiin bu’aa adda addaa Itiyoophiyaaf argamsiisaa jira. Sagantaa Ashaaraa Magariisaa torbaffaa bara kana gaggeeffamuuf akka biyyaatti qophiin bal’aan taasifamaa jira. Hojii Gaggeessaa Olaanaa Ministeera Qonnaa Kutaa Misooma, Kunuunsaa fi Itti Fayyadama Qabeenya Uumamaa obbo Faanosee Mokonnon turtii ENA waliin taasisaniin akka himanitti, waggoota torban darban keessatti hojiin Ashaaraa Magariisaa irratti hojjetamaa turee fi bu’aa jajjabeessaan galmaa’e kanaaf ragaa guddaadha jedhani. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa bara kanaa xumura marsaa lammaffaa ta’uu kan ibsan Hojii Gaggeessaa Olaanaan kun, muuxannoo hojiirra oolmaa Ashaaraa Magariisaa kanaan duraa irraa argame irratti hundaa’uun, karoorri bara kanaa lakkoofsaan ol’aanaa ta’uu ibsaniiru. Haaluma kanaan biqiltuuwwan biliyoona 8.5 dhaabuuf hojiin bal’aan hojjetamuusaa, yeroo ammaa kanas hojiin qophii dhaabbii kanaaf barbaachisu xumuramaa akka jiru eeruun, haala ikoloojii irratti hundaa’uun filannoon biqiltuu raawwatamuus eeraniiru. Hojiin boolla biqiltuu dhaabuuf qopheessuu yeroo ammaa bal’inaan hojjetamaa akka jirus hubachiisaniiru. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa amma lammiilee hedduu biratti aadaa ta’aa akka jiruu fi lakkoofsi hirmaattotaa yeroodhaa gara yerootti haalaan dabalaa akka jiru ibsaniiru. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa taatee guddaa biyyaalessaa tokkummaan qabatamaan itti mirkanaa’aa jiru waan ta’eef ummanni guutuun miira itti gaafatamummaa fi aantummaadhaan irratti hirmaachaa jira jedhan. Hojiiwwan dhaabbii bara kanaaf hojjetaman keessaa dhibbeentaan 40 mukkeen bosona biyya keessaa irratti kan xiyyeeffate yoo ta’u, dhibbeentaan 60 ammoo biqiltuuwwan firii fi dinagdeen gatii guddaa qaban kanneen wabii nyaataa fi faayidaa roga hedduu biroof oolu ta’uu hubachiisaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Gabaasa addaa
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 6320
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 6528
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan. Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru. Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru. Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.