ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Bara bajataa kana oomisha qurxumii guddisuun wabii nyaataa qonnaan bulaa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon taasifameera-Ministeera Qonnaa
Oct 16, 2025 10
Onkoloolessa 6/2018(TOI)- Bara bajataa kana oomisha qurxumii guddisuun wabii nyaataa qonnaan bulaa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon taasifamuusaa Ministeerri Qonnaa beeksise. De’eetaan ministira qonnaa Dr. Fiqruu Raggaasaa TOI’f akka ibsanitti, sagantaa maaddii guutuu cimsuun wabii nyaataa mirkaneessuu fi sirna nyaataa dhugoomsuuf hojiitti galameera. Haala Kanaan dameelee xiyyeeffannoon taasifameef keessaa tokko horsiisa qurxummii ta’uu ibsanii, hojiin kun haroowwan uumamaa fi namtolchee irratti hojjetamaa akka jiru dubbataniiru. Bara bajataa kana cuucii qurxummii miiliyoona 11 raabsuun qurxummii toonii kuma 320 misoomsuuf karoorfamuu dubbataniiru. Karoora kana milkeessuuf wiirtuuwwan cuuciin qurxummii itti baay’ifaman naannolee biyyattii hundatti ijaaramaa akka jirande’eetaan ministiraa kun ibsanii, maashinoonni cuuciin qurxummii ittiin deddeebifaman kan ho’aa fi qabbana to’atan naannoleef raabsamuusaanii dubbataniiru. Cuucii Qurxummii Haroo Nigaat dabalatee haroowwan uumamaa fi nam-tolchee akkasumas bishaan qe’ee qonnaan bulaatti kuufamutti baay’inaan galfamaa akka jiru beeksisaniiru. Doonii fi caancalli qurxummiin ittiin kiyyeeffamu naannoleef akka raabsamu taasifamuu Dr. Fiqruun ibsaniiru. Haala Kanaan wabii nyaataa fi sirna nyaataa sadarkaa maatiitti mirkaneessuuf hojjetamaa akka jiru dubbataniiru.
Hammattoon Bulchiinsa idaa fedhii Biyyoota Guddachaa jiranii gidduu galeeffate diriiruu qaba
Oct 16, 2025 7
Onkoloolessa 6/2018(TOI)- Hammattoon Bulchiinsa idaa fulla’aan haqa qabeessi, iftooma qabuu fedhii misoomaa biyyoota Guddachaa jiranii gidduu galeeffate diriiruu akka qabu ministirri maallaqaa Ahimad Shidee ibsan. Baankiin Addunyaa fi Dhaabbanni Maallaqa Addunyaa (IMF) walga’ii waggaa Magaalaa Finfinneetti gaggeessa jira. Jilli Qondaaltota olaanoon Ministira Maallaqaa Ahimad Shideen durfamu walga’ii waggaa kanarratti hirmaachaa jira. Walga’ii waggaa kana cinaatti konfaraansiin qorannoo fi qu’annoo idaa haala liqaa filmaataa saddettaffaan Yuunvarsiitiin Piriiniisteen qopheesse gaggeeffameera. Ministeerri Maallaqaa Ahimad shidee waltajjicharratti haasaa taassisaniin Hammattoon Bulchiinsa Idaa Addunyaa Caalaatti Ifaa, fulla’aa fi haqa qabeessa ta’uu akka qabu hubachiisaniiru. Haala kaffaltii idaa filmaataa Liqeeffattoonni liqeessitootarraa itti argatan irratti ulaagaan ifa ta’e waan hin jirreef mariin idaa yeroo dhihoo harkifataa akka ta’an gochuusaa fi rakkooleen tilmaamuuf rakkoo akka qabu dubbataniiru. Gama Biyyoota liqeessaniin yeroo ilaalamu immoo itti amanuun waan hin danda’amneef mariin waliigalteef taasifamu walxaxaa akka taassisan, dhiheessii wabii maallaqaa akka tursu, dabalataanis ba’aa idaa haala wal hin madaalleen biyyoota liqeeffatan irratti fe’uun gara biyyoota liqeessan lamaanitti akka naanna’u akka taassisu eeraniiru. Haalli liqaa filatamaan haala iftooma qabuu fi ulaagaawwan idil addunyaa kaa’ameen kan adeemsifaman yoo ta’e waliigalteewwan si’ataa gochuun qooda fudhattoota jidduutti wal amantaa akka uumu ministirichi cimsanii dubbataniiru. Dhimmi Haala Kaffaltii Idaa filatamaa argachuu hojmaata al-idilee fi hammattoo liqeessitootaa jalaa bahee hammattoo qornnoo akka garee 20 fi dhaabbata maallaqaa idil addunyaa (IMF) ykn haala faayinaansii misooma dhaabbata mootummoota gamtoomanii hunda hammataa ta’uu akka qaban dubbataniiru. Seerota ifaa fi Itti gaafatamummaa qaban amanamummaa akka dagaagsanii fi walii galtee Idaa akka saffisiisa ibsanii isarras darbee tumsa Idil Addunyaa akka cimsu dubbachuusaanii Ministirri Maallaqaa Odeeffannoo TOI’f ergeen hubachiiseera.
Itiyoophiyaan Ulaa galaanaashee kan dhabde daba maal na dhibdee bulchiinsa yerosii dhaloota dhufuuf hin yaannee fi shira namtolcheeni-Hayyoota
Oct 16, 2025 11
Onkoloolessa 6/2018 (TOI)- Itiyoophiyaan Ulaa galaanaashee kan dhabde daba maal na dhibdee bulchiinsa yerosii dhaloota dhufuuf hinyaannee fi shira namtolcheeni ta’uu barsiiftonni saayinsii Siyaasaa fi qorattoonni siyaasaa Afriikaa bahaa dubbatan. Akkaataan Itiyoophiyaan Ulaa galaanaa itti dhabde akka nama gaabbisiisus hayyoonni turtii TOI waliin taasisaniin ibsaniiru. Haala tumsa biyyaalessaa akkasumas riijinii gabbisuu fi walitti hidhamiinsa guddisuun carraaqqiin Ulaa galaanaa argachuuf taasifamu akka fedhii paartii tokkoo fi mootummaatti fudhatamuu akka hinqabne hubachiisaniiru. Abbaa ulaa galaanaa kan turte Itiyoophiyaan, Ulaa galaanaashee haala uumamaa fi seeraan alaatiin sababa dadhabbii bulchiinsa yerosiitiin dhabuushee Yuunivarsiitii Diillaatti barsiisaan, qorataan siyaasaa Afriikaa bahaa fi barreessaan Daawit Mazgabee dubbataniiru. Ulaa galaanaa argachuu jechuun dhimma siyaasaa qofa osoo hin taane faayidaan dinagdee fi faayidaaleensaa biroon guddaa ta’uu hubachiisaniiru. Walitti hidhamiinsa ummataa, tumsa riijinii fi waloomaan misoomuuf qoodni Ulaa galaanaa olaanaa ta’uu hubachiisaniiru. Yuunivarsiitii Wachaamootti barsiisaan saayinsii siyaasaa fi hariiroo Idil Addunyaa Muluu’alam Hayilamaaram gamasaaniin, gaaffiinItiyoophiyaan Ulaa galaanaa faayidaa hedduu qabu argachuuf gaafatte deeggarsa ummataa akka qabu kaasanii, sirrii ta’uusas dubbataniiru. Ajandaalee faayidaa biyyaalessaa keessaa tokko ta’uu kaasanii, biyyoonni gaaffiin kun ka’uusaa akka gaariitti fudhatan jiraachuu dubbataniiru. Adeemsa mootummaan ofeeggannoon itti deemaa jiru dinqisiifatanii, Ulaa galaanaa argachuuf filannoowwan garagaraa hordofuun gaarii ta’uu gorsaniiru. Biyya seenaa guddaa qabdu, guddoo fi ummanni hedduun keessa jiraatu Itiuoophiyaa waanti Ulaa galaanaa ishee dhorku fudhatama seeraa fi siyaasaa akka hinqabne hayyuun kun kaasaniiru. Tattaaffii itti jiramu ciminaan itti fufuu fi hariiroowwan dippilomaasii biyyoota garagaraa waliin jiru biyyoota Addunyaarratti dhiibbaa uumuu danda’an akkasumas biyyoota ollaa waliin hariiroo cimsuun akka barbaachisu faayidaa qabeessa ta’uu eeraniiru. Itiyoophiyaan Ulaa galaanaa argachuu akka qabdu amanuun tattaaffii eegaluunshee sirrii ta’uu eeranii, attamiin argachuu fi itti fayyadamuun akka danda’amuu dhimmoota murteessaa ta’uu hubachiisaniiru. Gaaffiin Ulaa galaanaa yeroo dheeraaf turuusaa fi yaada Itiyoophiyaanota hundaa keessa jiraachuusaa hubachuusaanii ibsaniiru.
Barmaatilee miidhaa geessisan ittisuuf hirmaannaan hawaasaa akka cimu gaafatame
Oct 16, 2025 24
Onkoloolessa 6/2018 (TOI)- Barmaatilee miidhaa geessisan ittisuu fi to’achuu irratti hirmaannaan hawaasaa akka cimu ministeerri dhimma dubartootaa fi hawaasummaa gaafate. Qo’annoon akka lakk. Faranjiitti bara 2008 gaggeeffame akka agarsiisutti barmaatileen miidhaa geessisan 140 ol akka jiran ministeerichi TOI’f ibseera. Kanneen keessaa dhaqna qabaan dubartootaa, heeruma umuriin malee, ilkee baasuu, arraba xinnoo muruu fi kanneen biroo akka keessatti argaman eereera. Gochoonni kun irra caalaa karaa aadaa akka raawwataman ministeerichatti ogeessi olaanaa mirga dubartootaa hubachiisuu ministeerichaa Geetinnat Abebbil dubbataniiru. Mootummaan gochoota miidhaa geessisanii fi humnaan dubartootarratti raawwataman hir’isuuf akkasumas dhabamsiisuuf tarsiimoowwan hojiirra oolcheen jijjiiramni gaariin galmaa’uu mirkaneessaniiru. Gurmaa’isoonni hawaasaa ilaalcha hawaasaa jijjiiruu fi barmaatilee miidhaa geessisan hir’isuun qooda guddaa waan qabaniif fuulduras akka cimsan gaafataniiru. Akkaataa qo’annoo ummataa fi fayyaa bara faranjootaa 2016 gaggeeffameen dhaqna qabaan dubartootaa bara 2000 bakka turerraa dhibbantaa 79 tuqaa 9 irraa bara 2016 gara dhibbantaa 65tti gadi buusuun danda’ameera jedhaniiru. Gama biraatiin hojiilee guddaa hojjetamaniin barmaatileen miidhaa geessisan kan badan akka jiran dubbataniiru.
Lixa Oromiyaatti Bakkeewwan Pirojektoonni Ijaarsa Daandii Adda Citan Saffisaan Xumuruuf Ni Hojjetama-Bulchiinsicha
Oct 15, 2025 235
Onkoloolessa 5/2018(TOI)- Lixa Oromiyaatti Bakkeewwan Pirojektoonni Ijaarsa Daandii Adda Citanii Fi Ijaarsisaanii Harkifate Saffisaan Xumuruun Gaaffii Misoomaa Hawaasaa Deebisuuf akka Hojjetamu Itti Aanaan Daarektara Olaanaa Bulchiinsa Daandiiwwan Itiyoophiyaa Injiinar Malkaa Baqqalaa Ibsan. Bulchiinsi Daandiiwwan Itiyoophiyaa Hoggantoota hojii Bakkeewwan Lixa Oromiyaa Waliin Haala Raawwii Hojii Pirojektii Daandii Naannoo Irratti Kan Xiyyeeffattu Gaggeessaniiru. Itti Aanaan Daarektara Olaanaa Bulchiinsichaa Injinar Malkaa Baqqalaa Wayita Kana Akka Jedhanitti Lixa Oromiyaatti Bakkeewwan Pirojektootni Daandii Sababa Adda Addaan Ijaarsisaanii Adda Citee fi Daandiiwwan Raawwiin Hojiisaanii Gad-Bu’aata’e, Saffisaan Xumuruun Tajaajilaaf akka gahaniif Xiyyeeffannoon ni hojjetama. Yeroo Amma Ijaarsa Isaanii Yeroo Gabaabaa Keessatti xumuruuf Daandiiwwan Hojiin Eegalamu Afur Keessaa Lama Ijaarsisaanii Kan Harkifate yoo ta’u Kanneen hafan Immoo Sababa Adda Addaan Ijaarsisaanii Addan Citan ta’uu Hubachiisaniiru. Ijaarsa Pirojektii Daandiichaa Itti Fufsiisuuf Mootummaan Baajata Birrii Biiliyoona 6 Tuqaa 6 Qabuusaa Dubbachuun, Ijarsa Daandichaa Saffisaan Xumuruuf Bulchiinsa Godinichaa fi Hawaasa Waliin Qindoominaan Hojjetama Jedhaniiru. Yeroo Ijaarsi Daandichaa Xumuramu Rakkoo Geejibaa ture Furuurra Darbee Sochii Hunda Galeessa Hawaasaf Haala Mijtaa akka Uumu Dubbataniiru. Itti Gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Godina Wallagga Lixaa Badhaasaa Dhaabaa Rakkoo Nageenyaa Godinicha Turee Fi Sababa Adda Addaan Pirojektoota Ijaarsa Daandii Adda Citan Deebisanii Eegalchiisuuf Tattaaffi Taassifamuuf Bulchiinsi Godinichaa Deeggarsa Barbaachisaa Taassisa Jedhaniiru. Hoggantoonni Godinichaa Sadarkaa Sadarkaan Jiran Saffisa Ijaarsa Daandichaaf Qoodasaanii akka Bahani Hubachiisaniiru. Hoggantoonni Aanaa Waltajjicharratti Hirmaatan Gamasaaniin Yeroo Ammaa Daandiiwwan Ijaarsi Isaanii Adda Citee Fi Harkifate Xumursiisuuf Tattaaffii Taassifamu Hawaasa Hirmaachisuun Ittigaafatamummaasaanii akka Bahatan Ibsaniiru.
Siyaasa
Dhimmoonni teekiniikaa hafan furamuu kan qaban dandeettii, carraaqqii waloo fi tooftaa biyyoota lamaaniin ta’uu qaba-Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee
Oct 14, 2025 431
Onkoloolessa 4/2018(TOI-Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee xalayaa muudamaa ambaasaaddara Gibxi Itiyoophiyaatti haaraa muudaman Abayida El Dandarawin har’a fudhataniiru. Odeeffannoon TOI’n waajjira pirezidaantiirraa argate akka agarsiisutti pirezidaant Taayyeen ambaasaaddaricha waliin marii taasisan irratti hariiroo gama hedduu bara dheeraa biyyoota lamaan jidduu ture kaasaniiru. Dhimmoonni teekiniikaa hafan biyyoota lamaan jidduu jiru jiraatanis dandeettii, tattaaffii waloo fi tooftaa biyyoota lamaaniin qofa kan bira gahamu ta’uu himaniiru. Biyyoonni lamaan hariiroosaanii qonna dabalatee gama Industirii, maanuufaakchariingii fi dameelee biroo hedduutiin itti fufuu akka qaban cimsanii kaasaniiru.
Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee xalaayaa muudamaa ambaasaaddaroota biyyoota garagaraa fudhatan
Oct 14, 2025 265
Onkoloolessa 4/2018(TOI)- Pirezidaantiin FDRI Taayyee Atsqasillaasee xalaayaa muudamaa ambaasaaddaroota biyyoota garagaraa har’a fudhatan. Pirezidaant Taayyeen sirna har’a masaraa biyyaalessaatti gaggeeffamerratti muudama ambaasaaddaroota haaraa biyyoota garagaraa fudhataniiru. Kanneen muudamasaanii Pirezidaant Taayyeef dhiheessan keessaa ambaasaaddarri Mooriitaaniyaa Iil Hawusen Oldi Naagii, ambaasaaddarri Kaazaakistaan Jaalgaas Adiilbayeev, ambaasaaddarri Vaatikaan Bireen Adiigiigiwii, ambaasaaddarri Baangilaadiish Eer Vayis Maarshaal Siitwaat Nayeem fi ambaasaaddarri Liigii Arabaa Mahaammad Omar Al Marhonni’eeramu. Haala walfakkaatuun Ambaasaaddarri Indooneejiyaa Faayizil CheriyiSiidarti, ambaasaaddarri Sarbiyaa Davor Tirkuljaa fi ambaasaaddarri Siwiidin Manyus Leenartison xalayaa muudamasaanii dhiheeffataniiru. Dabalataanis ambaasaaddarri Kaanaadaa Niikolaas Siimaard, ambaasaaddarri Siiwuzerlaand Riikared Chaandaa, ambaasaaddarri Gibxi Abayidaa Iil Dandarawuyi, ambaasaaddarri Hangaarii Atiilaa Tooz, ambaasaaddarri San Mariyano ambaasaaddar Peeroo Skaarpeliinii fi ambaasaaddarri Turkimenistan Makkaa Ishaneguliyeeb xalayaa muudamasaanii dhiheeffataniiru.
Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee Ambaasaaddar Dr. Laggasaa Tulluuf qajeelfama hojii kennan
Oct 14, 2025 237
Onkoloolessa 4/2018(TOI- Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee Jibutiitti Ambaasaaddara Itiyoophiyaa ta’uun kan muudaman Dr. Laggasaa Tulluuf qajeelfama hojii kennaniiru. Ambaasaaddar Laggasaa Tulluu Jibutiitti ambaasaaddara Itiyoophiyaa ta’uun ramadamaniiru. Ambaasaaddar Dr. Laggasaa Tulluu xalayaa muudamasaanii Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee harkaa fudhachuun karaa pirezidaantii mana murtii waliigalaa federaalaa Tewoodiroos Mihirat waadaa galaniiru. Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee ambaasaaddara Dr. Laggasaa Tulluuf qajeelfama hojii hariiroo hunda galeessa Itiyoophiyaa fi Jibutii caalaatti guddisuuf dandeessisu kennuusaanii ministeerri dhimma alaa beeksiseera. Ministirri dhimma alaa Geediyoon Ximootiwoos fi de’eetaan ministira alaa ambaasaaddar Birhaanuu Tsaggaayee sirnicharratti argamaniiru. Ambaasaaddar Dr. Laggasaa Tulluu Kanaan dura ministira Tajaajila komunikeeshinii mootummaa ta’uun tajaajiluunsaanii niyaadatama.
Obbo Saandokaan Dabbabaa komishinara komishinii humna nuukilaaraa Itiyoophiyaa ta’uun muudaman
Oct 14, 2025 278
Onkoloolessa 4/2018 (TOI)-Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad obbo Saandokaan Dabbabaa komishinara komishinii humna nuukilaaraa Itiyoophiyaa gochuun muudaniiru. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad Onkoloolessa 4 bara 2018 irraa eegalee obbo Saandokaan Dabbabaa komishinara komishinii humna Nuukilaaraa Itiyoophiyaa gochuun muuduusaanii waajjirri Ministira Muummee beeksiseera.
Pirojektoonni gurguddoon biyyoolessaa kabajaa fi jaalala Alaabaan guddatanii akka dhugoomaniif dirqama ogummaa keenyaa cimsina
Oct 13, 2025 352
Onkoloolessa 3/2018(TOI)- Pirojektoota gurguddoo akka biyyaatti qabaman kabajaa fi jaalala Alaabaan guddatanii akka dhugoomaniif dirqama ogummaa saanii akka cimsan hoggantoonnii fi ogeessonni Tajaajilan Oduu Itiyoophiyaatti Mirkaneessan. Hoggantoonnii fi ogeessonni TOI Guyyaa kabaja Alaabaa Biyyoolessaa 18ffaa mataduree “Alaabaan keenya bara gammachuu Guddummaa Itiyoophiyaa, tokkummaa sabdaneessummaa keenyaaf ,Birmadummaa keenyaa fi Haaromsa Itiyoophiyaatiif ” jedhuun Marii paanaalii fi Sirna Alaabaa boonsuun kabajaniiru. Hoggantoonnii fi ogeeyyiin guyyaa Alaabaa yeroo kabajan pirojektoota gurguddoo akka biyyaatti qabaman dhugoomsuuf kabajaa fi jaalala Alaabaan guddaan dirqama ogummaasaani bahuun ta’uu ibsaniiru. Alaabaan keenya Itiyoophiyaanonni Qormaatilee baroota keessa ishee mudate Injifannoon darbuun daangaa biyyaa eegsisuuf aarsaa dhiigaa kaffaluun Aasxaa birmadummaa argatan ta’uu dubbataniiru. Hojii raawwachiisaa olaanaan TOI Seyifee Darribee Itiyoophiyaan isheerra darbee Afrikaa kan boonsu yerootti pirojektoota gurguddoo biyyoolessaa dhugomsaa jirtu kabajnii fi jaalalli Alaabaa caalaatti guddata jedhaniiru. Pirojektoota gurguddoo akka biyyaatti eegalaman caalaatti tokkummaa cimsuun galmaan gahuuf waadaa keenya haaressuu qabna jedhaniiru. Hojiiwwan Misoomaa gurguddoon akka biyyaati eegalaman gara duubaatti akka hin deebineef waliin tumsuu qabna jedhaniiru. Tajaajilan Oduu Itiyoophiyaatti Itti AanaanQopheessaa Olaanaa Deeskii Naannoolee Ballaxaa Adinoo Pirojektoota gurguddoo biyyoolessaa qabaman kabajaa fi jaalaala Alaabaa guddaan raawwachuuf dirqama ogummaa keenyaa cimnee ni baana jedhaniiru. Keessumaa jijirama biyyoolessaa booda Itiyoophiyaanonni caalaatti Tokkummaasaanii Cimsuun Hidha Haaromsa Guddicha Itiyoophiyaa dhugoomsaniiru jechuun kan kaasan immoo TOItti Itti AanaanQopheessaa Olaanaa Deeskii Naannoolee Habtaamuu Akliiluuti. Kunis Kabaja Biyyaa fi Alaabaa caalaatti kan guddisuu fi humna ofiin raawwachuu kan argisiisedha jedhaniiru. Tajaajilan Oduu Itiyoophiyaatti Dursaan garee Qunnamtii Naannoolee Yohaannis Wandiraad barreeffama ka’umsa marii yeroo dhiheessan TOI ergama waliigaltee biyyoolessaa fi ijaarsa biyyaa gahumsaan bahuuf hojiiwwan adda addaa hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Tajaajilan Oduu Itiyoophiyaatti Itti Aanaa hojii raawwachiisaa Olaanaa Nagaasii Ambaayee yaada gudunfaa kennaniin Itiyoophiyaa fi uummannishee Abbootii keenya duriin Abbaa Alaabaa seenaa barreeffameeti jedhaniiru. Dhaloonni Seenaa Boonsaa Abbootii keenyaa eegee ashaaraasaa kaa’uun carraawwan jiran duguugee fayyadamuu qaba jedhaniiru. Itiyoophiyaan Afriikaaf akkasumas Addunyaaf seenaa boonsaa kan qabdu ta’usheen seenaa kana eeguun tursiisuu fi kabaja Alaabaa ol kaasuun dirqama hundaa ta’uu kaasaniiru.
Ibsituu birmadummaa fi Sabboonummaa kan ta’e kabaja fi amaanaa Alaabaa keenyaa dhalootaan itti fufsiisuu qabna
Oct 13, 2025 300
Onkoloolessa 3/2018(TOI)-Ibsituu birmadummaa fi Sabboonummaa keenyaa kan ta’e kabajaa fi imaanaa Alaabaa keenyaa dhalootaan itti fufsiisuu qabna jechuun Bulchaan Naannoo Affaar Awwal Arbaa ibsan. Guyyaan Alaabaa 18ffaan mataduree “Alaabaan keenya bara gammachuu Guddummaa Itiyoophiyaa, tokkummaa sabdaneessummaa keenyaaf, Birmadummaa keenyaa fi Haaromsa Itiyoophiyaatiif” jedhuun Magaalaa Samaraatti kabajameera. Sirna Kabajaarratti Bulchaan Naannichaa Awwal Arbaan seenaa abbootii keenyarraa fuune tursiisuu fi walitti qabuuf Alaabaan keenya kan ittiin adda baanu ta’ee tajaajilaa kan dhufe, ibsituu kabajaa fi sabboonummaati jedhaniiru. Alaabaa keenya Ibsituu sabboonummaa fi birmadummaa kan ta’e dhalootaan itti fufsiisuu qabna jedhaniiru. Hojii Misooma amma biyya keenyatti raawwatamaa jiran itti fufsiisuuf qodni Alaabaa keenyaa olaanaa ta’uu ibsuun, keessumaa dhaloonni dargaggeessi xiyyeeffannoon Amaanaa fudhachuusaa argisiisuu qaba jedhaniiru. Sirna Kabajaa Guyyaa Alaabaarratti Afa Yaa’iin Mana Maree Nannaannoo Affaar Asiyyaa Kamaal dabalatee qondaaltonni hojii biroon argamaniiru .
Alaabaan keenya mallattoo birmadummaa biyya keenyaa fi axsaa tokkummaa keenyaa waan ta’eef eegamuu qaba
Oct 13, 2025 316
Onkoloolessa 3/2018(TOI)-Alaabaan keenya mallattoo birmadummaa biyya keenyaa fi axsaa tokkummaa keenyaa waan ta’eef eegamuu akka qabu af-yaa’iin mana maree bulchiinsa magaalaa Adaamaa adde Immabeet Jibbaa dubbatan. Guyyaan alaabaa 18ffaan bakka kutaaleen hawaasaa garagaraa argamanitti magaalaa Adaamaatti kabajameera. Af-yaa’iin bulchiinsa magaalaa Adaamaa adde Immabeet Jibbaa wayita kana, misoomaa fi guddina gama hundaan eegalame itti fufsiisuun Alaabaa kabaja biyyaa ta’e olkaasuu qabna jedhaniiru. Alaabaan mallattoo biyya keenyaa fi gootonni aarsaa kaffalanii kan tursiisan waan ta’eef dhaloonni kabaja malu kennuufii qaba jedhaniiru. Ayyaana kana kan kabajnu magaalattiitti misooma kooriidarii dabalatee pirojektoonni rakkoolee hawaasummaa fi dinagdee furan wayita xumuramanitti waan ta’eef hiikoo uddaa qaba jedhaniiru. Itti aanaan kantiibaa magaalaa Adaamaa obbo Nigaatuu Mootummaa gamasaaniin, Alaabaan keenya mallattoo tokkummaa fi birmadummaa keenyaati jedhaniiru. “Kabaja Alaabaa eeguun itti gaafatama dhaloota ammaati” kan jedhan itti aanaan kantiibaa, guddummaa Itiyoophiyaa mirkaneessuuf pirojektoonni xaa’oo fi gaazii uumamaa kan itti eegalaman waan ta’eef guyyaa kana adda taasisa jedhaniiru. Magaalaa Adaamaatti jaarsi biyyaa obbo Fayyisaa Magarsaa, dhaloonni haaraan abbootiin daangaa kabachiisuuf aarsaa kan itti kaffalan Alaabaa imaanaan fudhachuun kabaja maluuf kennuu fi eeguu qaba jedhaniiru.
Alaabaa Jalatti Walitti qabamuun Imala Badhaadhinaa galmaan ga’uuf Tumsuu qabna- kantiibaa Kadir Juhaar
Oct 13, 2025 288
Onkoloolessa 3/2018(TOI)-Mallaattoo Birmadummaa fi gootummaa biyyaa kan ta’e Alaabaa jalatti walitti qabamuun Imala badhaadhinaa galmaan ga’uuf tumsuu qabna jechuun Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Dirreedawaa Kadir Juhaar ibsan. Bulchiinsa Magaalaa Dirreedawaatti guyyaan Alaabaa 18ffaan sirna ho’aan kabajameera. Kantiibaan Bulchinsa Magaalichaa Kadir Juhaar haasaa wayita kana taassisaaniin, Alaabaan keenya Birmadummaa biyya keenyaa, Gootummaa fi mallattoo Qaroominaati jedhaniiru. Kana guddisuun biyya badhaate dhalotaaf dhaalchisuu akka qabnu ibsaniiru. Ibsituu tokkummaa, sabboonummaa, fi birmadummaa kan ta’e Alaabaa jaltti walitti qabamnee tokkummaa sab-daneessummaa cimsuun imala badhaadhinaa galmaan ga’uuf tumsuu akka qabnu hubachiisaniiru. Hirmaattonni Ayyaanichaa kabaja Alaabaa eeguun Misoomaa fi badhaadhina biyyaaf gita hojii irratti bobba’aniin cimanii hojjechuun qoodasaanii akka bahan waadaa galuun mirkaneessaniiru.

Hawaasummaa
Barmaatilee miidhaa geessisan ittisuuf hirmaannaan hawaasaa akka cimu gaafatame
Oct 16, 2025 24
Onkoloolessa 6/2018 (TOI)- Barmaatilee miidhaa geessisan ittisuu fi to’achuu irratti hirmaannaan hawaasaa akka cimu ministeerri dhimma dubartootaa fi hawaasummaa gaafate. Qo’annoon akka lakk. Faranjiitti bara 2008 gaggeeffame akka agarsiisutti barmaatileen miidhaa geessisan 140 ol akka jiran ministeerichi TOI’f ibseera. Kanneen keessaa dhaqna qabaan dubartootaa, heeruma umuriin malee, ilkee baasuu, arraba xinnoo muruu fi kanneen biroo akka keessatti argaman eereera. Gochoonni kun irra caalaa karaa aadaa akka raawwataman ministeerichatti ogeessi olaanaa mirga dubartootaa hubachiisuu ministeerichaa Geetinnat Abebbil dubbataniiru. Mootummaan gochoota miidhaa geessisanii fi humnaan dubartootarratti raawwataman hir’isuuf akkasumas dhabamsiisuuf tarsiimoowwan hojiirra oolcheen jijjiiramni gaariin galmaa’uu mirkaneessaniiru. Gurmaa’isoonni hawaasaa ilaalcha hawaasaa jijjiiruu fi barmaatilee miidhaa geessisan hir’isuun qooda guddaa waan qabaniif fuulduras akka cimsan gaafataniiru. Akkaataa qo’annoo ummataa fi fayyaa bara faranjootaa 2016 gaggeeffameen dhaqna qabaan dubartootaa bara 2000 bakka turerraa dhibbantaa 79 tuqaa 9 irraa bara 2016 gara dhibbantaa 65tti gadi buusuun danda’ameera jedhaniiru. Gama biraatiin hojiilee guddaa hojjetamaniin barmaatileen miidhaa geessisan kan badan akka jiran dubbataniiru.
Hospitaalichatti tajaajila waldhaansaa si’ataa fi ariifataa argachaa jirra –tajaajilamtoota
Oct 15, 2025 188
Onkoloolessa 5/2018(TOI)-Hospitaala rifaraalaa Yuunivarsiitii Ambootti tajaajila waldhaansaa si’ataa fi ariifataa argachaa jirrachuu tajaajilamtoonni dubbatan. Waldhaanamtoota keessaa Damoozee Hordofaa Kanaan dura hospitaalichatti tajaajilamuuf darabee yeroo dheeraaf eeguu fi bu’aa bayiin tureera jedhan. Qorichis Hoospitaalichatti akka salphaatti waan hin jirreef qoricha bituuf baasii Dabalataaf saaxilamaa turuu dubbataniiru. Yeroo ammaa hojmaanni hospitaalichaa fooyya’ee tajaajila si’ataa argachaa akka jiran eeranii, hojiin gaariin eegalame akka cimu gaafataniiru. Yeroo ulfaa hordofuu kan dhufan adde Gammadee Getahun, hordoffiif hospitaalichatti wayita deddeebi’an tajaajila waldhaansaa fooyya’aa argachaa akka jiran dubbataniiru. Kanaan dura bu’aa bayiin hedduun akka ture yaadatanii, yeroo ammaa battalatti kaardii baasanii tajaajila waldhaansaa argachuusaanii ibsaniiru. Obbo Tarrafaa Gaaddisaa mucaasaanii waldhaanchisuuf gara hospitaalichaa dhufanii hojmaanni hospitaalichaa teeknooloojiin deeggaramuusaatiin tajaajila fooyya’aa argachuun alatti yeroos akka qusateef kaasaniiru. Daarektarri tajaajila waldhaansaa hospitaala rifaraalaa Yunivarsiitii Amboo Dr. Kiisuu Masqalee hojiileen tajaajila hospitaalichi kennu hojjetamaa turuu dubbataniiru. Keessumaa Kaardii kennuurraa eegalee waldhaanamtoonni dafanii tajaajila akka argatan tajaajilli teeknooloojiin deeggarame eegalamuu ibsaniiru. Meeshaaleen waldhaansaa garagaraa guutamuusaaniitiin imala, baasii fi bu’aa bayii waldhaansa fooyyee argachuuf Finfinnee fi bakkeewwan birootti ture hambisuun akka danda’ame kaasaniiru. Hojii gaggeessaan hospitaala rifaraalaa Yunivarsiitii Amboo Dr. Gonfaa Mootii gamasaaniin,hoospitaalicha galtee barbaachisuun guutuuf hojjetamaa turuu kaasaniiru. Haala Kanaan Hawaasni naannawichaa baasii fi bu’aa bayiif osoo hin saaxilamiin bakka jirutti waldhaansa fooyya’aa argachuusaa dubbataniiru. Hojii hospitaalicha babal’isuuf hojjetameen tajaajiloonni sammuu, Kaansarii, Kalee fi kanneen biroo haala fooyya’aan kennaa akka jiran ibsaniiru.
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad du’uu ministira muummee Keeniyaa duraanii Rayilaa Odiingaatti gadduusaanii ibsan
Oct 15, 2025 188
Onkoloolessa 5/2018(TOI)-Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad du’uu ministira muummee Keeniyaa duraanii Rayilaa Odiingaatti gadduusaanii ibsaniiru. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniirratti dabarsaniin du’a Raayilaa Odiingaatti gadduusaanii ibsanii jajjabina guddaa hawwaniiru.
Magaalaa Finfinneetti Galmeen miseensummaa Inshuuraansii fayyaa hawaasaa Haaraa fi idileen eegalame
Oct 15, 2025 196
Onkoloolessa 5/2018(TOI)- Buufataalee Fayyaa Kutaa Magaalaa Magaalaa Finfinnee hunda jiranitti Galmeen Miseensummaa Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa Idilee fi Haaraan eegaluusaa Biiroon Fayyaa Magaalaa Finfinnee ibse. Bara baajataa 2018 hawaasni Miiliyoona 2 fi kuma 75 ol fayyadamoo Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa taassisuuf karoorfamuu biirichi ibseera. Biiroo Fayyaa Magaalaa Finfinneetti Galmeen Ishuuraansii Fayyaa Hawaasaa Haaraa, Idilee Haaromsiisuu fi raawwiisaa waliigala ilaachisuun ibsi kennameera. Itti gaafatamaan Biirichaa Dr. Yohaannis Caalaa eegumsa fayyaa Hawaasaa dagaagsuuf hojiiwwan Biirichi hojjetu keessaa Inshuraansiin fayyaa hawaasaa isa olaanaa ta’uu ibsaniiru. Kanaanis Waggoottan darban hojiiwwan hojjetamaniin bu’aan quubsaan galmaa’uu eeruun, Magaalittiitti bara 2017 Lammiileen Miiliyoona 2 fi kuma dhibba shanii ol miseensa Inshuuraansii Hawaasaa ta’uusaanii dubbataniiru. Buufata fayyaa fi Hospitaalotatti miseensonni Miiliyoona 2 fi kuma 83ol maatiisaanii Tajaajila Yaalaa Salphaarraa hanga guddaatti argachuusaanii ibsaniiru. Bara 2018 Haaromsa miseensota duraanii raawwachuu fi dhibbentaa 10 miseensota haarawaa dabaluun kutaa hawaasaa miiliyoona 2 fi kuma 75 ol fayyadamoo taassisuuf karoorfamuu eeraniiru. Galmichi hanga ስadaasa 30 bara 2018tti kan turu ta’uu itti gaafatamaan Biirichaa ibsaniiru. Bulchiinsa Magaalichaatti kaffaltiin idilee mirkanaa’e birrii kuma 2 ta’uu ibsuun harka qalleeyyota immoo baasiisaanii bulchiinsi magaalaa akka kaffalu eeraniiru. Hawasni Ofiisaa fi maatiisaa baasii tasaa irraa eeguuf miseensa Inshuuraansii fayyaa Hawaasaa ta’u akka qaban hubachiisaniiru.
Diinagdee
Bara bajataa kana oomisha qurxumii guddisuun wabii nyaataa qonnaan bulaa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon taasifameera-Ministeera Qonnaa
Oct 16, 2025 10
Onkoloolessa 6/2018(TOI)- Bara bajataa kana oomisha qurxumii guddisuun wabii nyaataa qonnaan bulaa mirkaneessuuf xiyyeeffannoon taasifamuusaa Ministeerri Qonnaa beeksise. De’eetaan ministira qonnaa Dr. Fiqruu Raggaasaa TOI’f akka ibsanitti, sagantaa maaddii guutuu cimsuun wabii nyaataa mirkaneessuu fi sirna nyaataa dhugoomsuuf hojiitti galameera. Haala Kanaan dameelee xiyyeeffannoon taasifameef keessaa tokko horsiisa qurxummii ta’uu ibsanii, hojiin kun haroowwan uumamaa fi namtolchee irratti hojjetamaa akka jiru dubbataniiru. Bara bajataa kana cuucii qurxummii miiliyoona 11 raabsuun qurxummii toonii kuma 320 misoomsuuf karoorfamuu dubbataniiru. Karoora kana milkeessuuf wiirtuuwwan cuuciin qurxummii itti baay’ifaman naannolee biyyattii hundatti ijaaramaa akka jirande’eetaan ministiraa kun ibsanii, maashinoonni cuuciin qurxummii ittiin deddeebifaman kan ho’aa fi qabbana to’atan naannoleef raabsamuusaanii dubbataniiru. Cuucii Qurxummii Haroo Nigaat dabalatee haroowwan uumamaa fi nam-tolchee akkasumas bishaan qe’ee qonnaan bulaatti kuufamutti baay’inaan galfamaa akka jiru beeksisaniiru. Doonii fi caancalli qurxummiin ittiin kiyyeeffamu naannoleef akka raabsamu taasifamuu Dr. Fiqruun ibsaniiru. Haala Kanaan wabii nyaataa fi sirna nyaataa sadarkaa maatiitti mirkaneessuuf hojjetamaa akka jiru dubbataniiru.
Hammattoon Bulchiinsa idaa fedhii Biyyoota Guddachaa jiranii gidduu galeeffate diriiruu qaba
Oct 16, 2025 7
Onkoloolessa 6/2018(TOI)- Hammattoon Bulchiinsa idaa fulla’aan haqa qabeessi, iftooma qabuu fedhii misoomaa biyyoota Guddachaa jiranii gidduu galeeffate diriiruu akka qabu ministirri maallaqaa Ahimad Shidee ibsan. Baankiin Addunyaa fi Dhaabbanni Maallaqa Addunyaa (IMF) walga’ii waggaa Magaalaa Finfinneetti gaggeessa jira. Jilli Qondaaltota olaanoon Ministira Maallaqaa Ahimad Shideen durfamu walga’ii waggaa kanarratti hirmaachaa jira. Walga’ii waggaa kana cinaatti konfaraansiin qorannoo fi qu’annoo idaa haala liqaa filmaataa saddettaffaan Yuunvarsiitiin Piriiniisteen qopheesse gaggeeffameera. Ministeerri Maallaqaa Ahimad shidee waltajjicharratti haasaa taassisaniin Hammattoon Bulchiinsa Idaa Addunyaa Caalaatti Ifaa, fulla’aa fi haqa qabeessa ta’uu akka qabu hubachiisaniiru. Haala kaffaltii idaa filmaataa Liqeeffattoonni liqeessitootarraa itti argatan irratti ulaagaan ifa ta’e waan hin jirreef mariin idaa yeroo dhihoo harkifataa akka ta’an gochuusaa fi rakkooleen tilmaamuuf rakkoo akka qabu dubbataniiru. Gama Biyyoota liqeessaniin yeroo ilaalamu immoo itti amanuun waan hin danda’amneef mariin waliigalteef taasifamu walxaxaa akka taassisan, dhiheessii wabii maallaqaa akka tursu, dabalataanis ba’aa idaa haala wal hin madaalleen biyyoota liqeeffatan irratti fe’uun gara biyyoota liqeessan lamaanitti akka naanna’u akka taassisu eeraniiru. Haalli liqaa filatamaan haala iftooma qabuu fi ulaagaawwan idil addunyaa kaa’ameen kan adeemsifaman yoo ta’e waliigalteewwan si’ataa gochuun qooda fudhattoota jidduutti wal amantaa akka uumu ministirichi cimsanii dubbataniiru. Dhimmi Haala Kaffaltii Idaa filatamaa argachuu hojmaata al-idilee fi hammattoo liqeessitootaa jalaa bahee hammattoo qornnoo akka garee 20 fi dhaabbata maallaqaa idil addunyaa (IMF) ykn haala faayinaansii misooma dhaabbata mootummoota gamtoomanii hunda hammataa ta’uu akka qaban dubbataniiru. Seerota ifaa fi Itti gaafatamummaa qaban amanamummaa akka dagaagsanii fi walii galtee Idaa akka saffisiisa ibsanii isarras darbee tumsa Idil Addunyaa akka cimsu dubbachuusaanii Ministirri Maallaqaa Odeeffannoo TOI’f ergeen hubachiiseera.
Itiyoophiyaan Ulaa galaanaashee kan dhabde daba maal na dhibdee bulchiinsa yerosii dhaloota dhufuuf hin yaannee fi shira namtolcheeni-Hayyoota
Oct 16, 2025 11
Onkoloolessa 6/2018 (TOI)- Itiyoophiyaan Ulaa galaanaashee kan dhabde daba maal na dhibdee bulchiinsa yerosii dhaloota dhufuuf hinyaannee fi shira namtolcheeni ta’uu barsiiftonni saayinsii Siyaasaa fi qorattoonni siyaasaa Afriikaa bahaa dubbatan. Akkaataan Itiyoophiyaan Ulaa galaanaa itti dhabde akka nama gaabbisiisus hayyoonni turtii TOI waliin taasisaniin ibsaniiru. Haala tumsa biyyaalessaa akkasumas riijinii gabbisuu fi walitti hidhamiinsa guddisuun carraaqqiin Ulaa galaanaa argachuuf taasifamu akka fedhii paartii tokkoo fi mootummaatti fudhatamuu akka hinqabne hubachiisaniiru. Abbaa ulaa galaanaa kan turte Itiyoophiyaan, Ulaa galaanaashee haala uumamaa fi seeraan alaatiin sababa dadhabbii bulchiinsa yerosiitiin dhabuushee Yuunivarsiitii Diillaatti barsiisaan, qorataan siyaasaa Afriikaa bahaa fi barreessaan Daawit Mazgabee dubbataniiru. Ulaa galaanaa argachuu jechuun dhimma siyaasaa qofa osoo hin taane faayidaan dinagdee fi faayidaaleensaa biroon guddaa ta’uu hubachiisaniiru. Walitti hidhamiinsa ummataa, tumsa riijinii fi waloomaan misoomuuf qoodni Ulaa galaanaa olaanaa ta’uu hubachiisaniiru. Yuunivarsiitii Wachaamootti barsiisaan saayinsii siyaasaa fi hariiroo Idil Addunyaa Muluu’alam Hayilamaaram gamasaaniin, gaaffiinItiyoophiyaan Ulaa galaanaa faayidaa hedduu qabu argachuuf gaafatte deeggarsa ummataa akka qabu kaasanii, sirrii ta’uusas dubbataniiru. Ajandaalee faayidaa biyyaalessaa keessaa tokko ta’uu kaasanii, biyyoonni gaaffiin kun ka’uusaa akka gaariitti fudhatan jiraachuu dubbataniiru. Adeemsa mootummaan ofeeggannoon itti deemaa jiru dinqisiifatanii, Ulaa galaanaa argachuuf filannoowwan garagaraa hordofuun gaarii ta’uu gorsaniiru. Biyya seenaa guddaa qabdu, guddoo fi ummanni hedduun keessa jiraatu Itiuoophiyaa waanti Ulaa galaanaa ishee dhorku fudhatama seeraa fi siyaasaa akka hinqabne hayyuun kun kaasaniiru. Tattaaffii itti jiramu ciminaan itti fufuu fi hariiroowwan dippilomaasii biyyoota garagaraa waliin jiru biyyoota Addunyaarratti dhiibbaa uumuu danda’an akkasumas biyyoota ollaa waliin hariiroo cimsuun akka barbaachisu faayidaa qabeessa ta’uu eeraniiru. Itiyoophiyaan Ulaa galaanaa argachuu akka qabdu amanuun tattaaffii eegaluunshee sirrii ta’uu eeranii, attamiin argachuu fi itti fayyadamuun akka danda’amuu dhimmoota murteessaa ta’uu hubachiisaniiru. Gaaffiin Ulaa galaanaa yeroo dheeraaf turuusaa fi yaada Itiyoophiyaanota hundaa keessa jiraachuusaa hubachuusaanii ibsaniiru.
Lixa Oromiyaatti Bakkeewwan Pirojektoonni Ijaarsa Daandii Adda Citan Saffisaan Xumuruuf Ni Hojjetama-Bulchiinsicha
Oct 15, 2025 235
Onkoloolessa 5/2018(TOI)- Lixa Oromiyaatti Bakkeewwan Pirojektoonni Ijaarsa Daandii Adda Citanii Fi Ijaarsisaanii Harkifate Saffisaan Xumuruun Gaaffii Misoomaa Hawaasaa Deebisuuf akka Hojjetamu Itti Aanaan Daarektara Olaanaa Bulchiinsa Daandiiwwan Itiyoophiyaa Injiinar Malkaa Baqqalaa Ibsan. Bulchiinsi Daandiiwwan Itiyoophiyaa Hoggantoota hojii Bakkeewwan Lixa Oromiyaa Waliin Haala Raawwii Hojii Pirojektii Daandii Naannoo Irratti Kan Xiyyeeffattu Gaggeessaniiru. Itti Aanaan Daarektara Olaanaa Bulchiinsichaa Injinar Malkaa Baqqalaa Wayita Kana Akka Jedhanitti Lixa Oromiyaatti Bakkeewwan Pirojektootni Daandii Sababa Adda Addaan Ijaarsisaanii Adda Citee fi Daandiiwwan Raawwiin Hojiisaanii Gad-Bu’aata’e, Saffisaan Xumuruun Tajaajilaaf akka gahaniif Xiyyeeffannoon ni hojjetama. Yeroo Amma Ijaarsa Isaanii Yeroo Gabaabaa Keessatti xumuruuf Daandiiwwan Hojiin Eegalamu Afur Keessaa Lama Ijaarsisaanii Kan Harkifate yoo ta’u Kanneen hafan Immoo Sababa Adda Addaan Ijaarsisaanii Addan Citan ta’uu Hubachiisaniiru. Ijaarsa Pirojektii Daandiichaa Itti Fufsiisuuf Mootummaan Baajata Birrii Biiliyoona 6 Tuqaa 6 Qabuusaa Dubbachuun, Ijarsa Daandichaa Saffisaan Xumuruuf Bulchiinsa Godinichaa fi Hawaasa Waliin Qindoominaan Hojjetama Jedhaniiru. Yeroo Ijaarsi Daandichaa Xumuramu Rakkoo Geejibaa ture Furuurra Darbee Sochii Hunda Galeessa Hawaasaf Haala Mijtaa akka Uumu Dubbataniiru. Itti Gaafatamaa Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Godina Wallagga Lixaa Badhaasaa Dhaabaa Rakkoo Nageenyaa Godinicha Turee Fi Sababa Adda Addaan Pirojektoota Ijaarsa Daandii Adda Citan Deebisanii Eegalchiisuuf Tattaaffi Taassifamuuf Bulchiinsi Godinichaa Deeggarsa Barbaachisaa Taassisa Jedhaniiru. Hoggantoonni Godinichaa Sadarkaa Sadarkaan Jiran Saffisa Ijaarsa Daandichaaf Qoodasaanii akka Bahani Hubachiisaniiru. Hoggantoonni Aanaa Waltajjicharratti Hirmaatan Gamasaaniin Yeroo Ammaa Daandiiwwan Ijaarsi Isaanii Adda Citee Fi Harkifate Xumursiisuuf Tattaaffii Taassifamu Hawaasa Hirmaachisuun Ittigaafatamummaasaanii akka Bahatan Ibsaniiru.
Saayinsii fi teeknooloojii
Afriikaa Hanga Ishee Madaaluun Addunyaatti Beeksisuuf gaheen miidiyaa Pulse of Africa olaanaa dha
Oct 13, 2025 209
Onkoloolessa 3/2018(TOI)-Miidiyaan Pulse Of Africa Paan Afrikaanizimii gadi fageenyaan hubachiisuun bakka muraasa Afriikaan Miidiyaa Idil Addunyaa biratti qabdu akka jijiiiru Qorataan Miidiyaa fi koomunikeeshinii ibsan. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Miidiyaa Pulse Of Africa eebbisanii yeroo hojii eegalchiisan Miidiyichi hojii eegaluunsaa waa’ee Afriikaa Faallaan kan dhihaatu qolachuuf akkasumas seenessa mataa keenyaa ofii keenyaan bocuun hojii keenya kan itti hojjennu tarkaanfii barbaachisaadha jechuunsaanii ni yaadatama. Miidiyaan PulseOfAfrica hundeeffamuun tarkaanfii fuuldura ilaluu Ilaaluu ta’uu ibsuun waltajjii Addunyaatti cimaa fi sagalee Afriikaa guddaa dhageessisuuf bu’uura ta’uu yeros ibsuun isaanii ni beekama. Yuunvarsiitii Jimmaa Kutaa Barnootaa Miidiyaa fi Koomunikeeshiniitti barsiisaa fi qorataan Miidiyaa fi Komunikeeshinii Dr.Geetachoo Xilahuun TOI’f akka ibsanitti Hawaasichi sochii Hawasummaan, Dinagdee fi Siyaasaani gama hundaan qabu gabasuuf humnisaa kan jabaatee fi Miidiyaan qaqabsiisuu yoo jirateedha. Gama Kanaan Miidiyaa Pulse Of Africa sochii namummaa akka Ardiitti jiru dammaqinaan gabaasuun hawaasaaf qaqqabsiisuun nurraa eegama jedhaniiru. Dabalataanis Miidiyaa Pulse Of Africa Paan Afriikaanizimii seenessuun Afriikaan Miidiyaa Idil Addunyaa biratti bakka murtaa’aa qabdu guddisuu akka danda’u nan amana jedhaniiru. Hanqina odeeffannoo Afriikaa jiruu fi dogoggoroota jiru sirreessuun qabeyyee gurmaa’ee fi guutuu kennuun miidiyaa dorgomaa fi dhageettii qabu ta’ee argamuun murteessaa ta’uu hubachiisaniiru. Afriikaan Akka biyyoota giddugaleessa Bahaa, Chaayinaa fi biyyoota biroo Miidiyaa dhiibbaa geessisu akka hin qabne eeruun, Miidiyaa Pulse Of Africa hanqinoota kana guutuuf qooda olaanaa qaba jedhaniiru. Kanaafi humna akka Ardiitti jiru, Kennaawwan fi taateewwan dorgomaa taassisuu dandeessisan Addunyaaf beeksisuurratti cimsee akka hojjetu gaafataniiru. Miidiyaa sagalee Afriikaa dhageessisuu danda’u ta’uuf imala qabiyyee kallattii hundaa, odeeffannoo fi carraaqqii walirraa hincinne jabeessuun akka eegamu himaniiru. Miidiyaan Pulse Of Africa akka Ardiitti dhageettii kan dabalan, tokkummaa kan gabbisan dhimmoota waloorratti xiyyeeffatee yoo hojjete dadhabe osoo hinjete, amma barbaadamu kan gumaachuu fi dhiibbaa ni’uuma jedhaniiru. Akka nama Miidiyaatti mul’ata Pulse Of Africa nan dinqisiifadha kan jedhan qorataan kun, akka Ardiitti miidiyaa dhimmoota walitti fidan xiyyeeffannoo addaan hojjetu nubarbaachisa ture, amma Palsi oof Afriikaan banameera jedhan. Itiyoophiyaan Afriikaa walitti fiduun qooda hundeeffama gamtaa Afriikaarratti qabdu sana kaasanii, amma ammoo miidiyaa Afriikaa Ijaartee hojii eegalchiisuunshee kan dinqisiifamu ta’uu cimsanii ibsaniiru. Dhimmoota bu’uraa Industirii miidiyaaf barbaachisan keessaa tokko odeeffannoo ta’uu eeranii, gama miidiyaatiin bakkarraa gabaasuun hojiilee qorannoo hojjechuun, gadi bu’uun haala hawaasaa agarsiisuu danda’uun, dhimmoota biyyoota garagaraa dandeettii ofiinhojjechuu xiyyeeffannoon akka kennamuuf gaafataniiru. Gama biraatiin miidiyaan pulse of Africa bifoonni Ardii addunyaaf akka ifooman Itiyoophiyaan baasii fi dandeettii isheetiin hojii eegalchiisuushee eeranii, mootummoonni biyyoota Afriikaa biroon akka dhimmasaaniitti ilaalaniiodeeffannoo kennuun,taateewwan isaaniirratti affeeramuun, dhimmoota biyyasaanii jiran gabaasuuf akka galan eyyamuun fi tumsa gochuun hojjechuun akka isaanirraa eegamu gorsaniiru. Miidyaan kun dhiibbaalee kan damdamatu, fudhatamaa fi dhageettii akka qabaatu kan isa taasisu dhimmoota gurguddoo dhimmoota Ardii qaban ofdanda’uun gaggeessuu, yaanni kan ittiin ibsamu akka ta’u ajandaa bocee hojjechuun irraa eegama jedhaniiru.
Nageenya Saayibarii eegsisuun dhimma birmadummaa biyyaa ta’uun hubatamuu qaba
Oct 11, 2025 249
Onkoloolessa 1/2018(TOI)-Dhimmi nageenya Saayibarii birmadummaa biyyaan kan wal qabatu ta’uu hubachuun hojiileen qindoominaa damee Kanaan hojjetaman cimanii itti fufuu akka qaban hooggantuun waajjira ministira muummee fi ministirri dhimmoota kaabinee Alamtsahaayi Phaawuloos ibsan. Sirni jalqabsiisa baatii nageenya Saayibarii biyyaalessaa 6ffaan gaggeeffamaa jira. Hooggantuun waajjira ministira muummee fi ministirri dhimmoota kaabinee Alamtsahaayi Phaawuloos ergaa dabarsaniin waggoottan jijjiiramaa darban gama hundaanuu hojiileen misoomaa milkaa’oon hojjetamaniiru. Hidha haaromsaa Itiyoophiyaa giddicha dabalatee Pirojektoonni gurguddoon eebbifaman fi eegalaman kan bayyanachuun Itiyoophiyaa jalqabamuu agarsiisan kutannoo mootummaan misooma egeree fi guddinaaf qabu qabatamaan kan agarsiisanidha jedhaniiru. Hojmaattota dijitaalaa sochii guyyuu lammiilee fi tajaajila mootummaa si’achiisan hojeessuun jijjiiramoonni qabatamaa argamuu kaasaniiru. Yeroo ammaa tajaajiloonni dhaabbileen kennaman 900 ol karaa teeknooloojii tajaajilamtootaaf kennamaa akka jiran eeraniiru. Teeknooloojii fi misoomni waliin deemu kan jedhan ministirri kun, nageenyi misoomaa eegamee akka turu gochuurratti xiyyeeffachuun hojjechuun murteessaa ta’uu ibsaniiru. Dhimmi nageenya Saayibarii birmadummaa biyyaan kan walitti hidhamu waan ta’eef hojiileen damee Kanaan hojjetaman cimanii ittifufuu akka qaban hubachiisaniiru. Kanaaf ammoo hojiileen hubannoo karaa addaddaa kennaman qooda guddaa akka qaban eeraniiru. Baatiin nageenya Saayibarii hojiilee akka biyyaatti nageenya Saayibarii irratti hojjetaman hubachiisuuf carraa kan uumuu fi hojmaata qindaa’aa dhaabbilee cimsuuf kan gargaarudha jedhaniiru. Kanaaf hojiileen nageenya Saayibarii ilaalchisuun guutuu biyyaatti raawwataman karaa bu’a qabeessa ta’een hojiirra oolchuuf hundi qoodasaa bahuu akka qabu hubachiisaniiru.
Itiyoophiyaan misooma bu’uraa dijitaalaa guddina dinagdee mandhaleef dhimma ijoo gochuun hojjechaa akka jirtu yaa’ii hooggantoota ‘COMESA’ irratti hubachiifteetti
Oct 10, 2025 268
Fulbaana 30/2018(TOI)- Itiyoophiyaan misooma bu’uraa dijitaalaa guddina dinagdee mandhaleef dhimma ijoo gochuun hojjechaa akka jirtu yaa’ii hooggantoota ‘COMESA’ irratti hubachiisuu akka dandeesse hooggantuun pirees sekreetaariyaatiin waajjira ministira muummee Billanee Siyyum ibsan. Yaa’iin hooggantoota ‘COMESA’ 24ffaan kaleessa Keeniyaa Naayiroobiitti gaggeeffameera. Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad dabalatee hooggantoonni biyyoota miseensa ‘COMESA’ irraa walitti dhufan yaa’icharratti hirmaataniiru. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad yaa’icharratti dubbii dubbataniin ajandaa fooyyessa dinagdee mandhalee Itiyoophiyaaf dijitaalaayizeeshiniin utubaa ijoo ta’uu kaasaniiru. Bu’ura misoomaa cimaa kan akka inisheetiivii leenjii koodarsii ijaaruu fi ogummaa bal’aa horachuutiin Itiyoophiyaan bu’aa quubsaa galmeessisaa akka jirtu eeruusaanii hooggantuun pirees sekreetaariyaatii waajjira ministira muummee Billanee Siyyum dubbataniiru. Carraaqqiiwwan hedduun kunneen guddinaa fi jijjiirama Itiyoophiyaa gaggeessuu fi bu’ura misoomaa dijitaalaa cimaa uumuuf kutannoo qabdu kan agarsiisan ta’uu eeraniiru. Hojiileen Itiyoophiyaan jalqabde kan akka sirna waraqaa eenyummaa biyyaalessaa fi tajaajiloota mootummaa atomeet gochuun guddina damee dijitaalaaf akka fakkeenya ijootti kan fudhataman ta’uu eeraniiru. Sagantaaleen inisheetiivii akka akka leenjii koodarsii Dargaggoonni ogummaa dijitaalaa qabaatanii damee Kanaan jijjiirama qabatamaa akka fidan kan gargaaran ta’uu ta’uu eeraniiru. Ministirri muummee dubbii dubbataniin carraaqqiiwwan dijitaalaayizeeshinii biyya keessaa bu’aa guddaa akka agarsiisan galmoota riijinii waliin walsimuu akka qabu dubbachuusaanii hoggantuun kun ibsaniiru. Itti dabaluunis, ministirri muummee dargaggoonni Afriikaa misoomaa fi guddina Ardichaaf qabeenya ijoo ta’uusaanii kaasuusaanii eeraniiru. Biyyoonni Afriikaa kennaa fi dandeettii gabbataa dargaggoota ardichaatti fayyadamuu akka qaban hubachiisaniiru.
Bulchiinsi magaalichaa kenniinsa tajaajilaa ammayyeessuuf hojii itti jiru cimsee itti fufeera-Kantiibaa Adaanech Abeebee
Oct 8, 2025 350
Fulbaana 28/2018 (TOI)- Bulchiinsi magaalaa Finfinnee kenniinsa tajaajilaa ammayyeessuuf hojii itti jiru cimsee itti fufuusaa Kantiibaa Adaanech Abeebeeibsan. Tajaajilli wiirtuu tokkoo Addis Masoob damee Boolee har’a eebbifamee hojii eegaleera. Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee, daarektarri olaanaa inistiitiyuutii hubannoo namtolchee Itiyoophiyaa Injiinar Dr.Warquu Gaachanaa, paartii badhaadhinaatti hoogganaan waajjira damee Finfinnee obbo Mogos Baalchaa fi hooggantoonni olaanoo bulchiinsa magaalichaa fi keessummoonni waamaman sirna eebbaarratti argamaniiru. Kantiibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka jedhanitti,kenniinsa tajaajilaa bulchiinsichaa saffisiisuuf yoomiyyuu caalaa xiyyeeffatamee hojjetamaa jira. Sirna kenniinsa tajaajilaa bulciinsichaa si’ataa gochuuf kutannoon hojjechuu keenya itti fufneerra jedhaniiru. Tajaajilli wiirtuu tokkoo Addis Masoob dameen Boolee kenniinsa tajaajia bulchiinsichaa guddaa ammayyeessuun fi bu’aa ba’ii lammiileera gahu hir’isuun cehumsa dinagdee dijitaalaa si’achiisuuf nigargaara. Wiirtuun kun bu’urri misoomaa dijitaal teeknooloojii kan guuttate waan ta’eef tajaajila hannaa fi hojmaata badaarraa bilisa ta’e kennuuf ni gargaara jedhaniiru. Hojmaata walxaxaa Kanaan dura ture salphisuun hawaasni tajaajila si’ataa akka argatu ni gargaara jechuun dubbatan kantiibaa Adaanech. Bulchiinsi magaalichaa tajaajila kennu ammayyeessuuf hojii itti jiru cimsee ittifufuusaa eeraniiru.
Ispoortii
Taphni piriimer Liigii Ingiliz torbaffaan har’a jalqabama
Oct 3, 2025 933
Fulbaana 23/2018 (TOI)- Taphni piriimer Liigii Ingiliz jalqabaa torbaffaan Bornimawuz fi Fulhaam jidduutti har’a nitaphatama. Taphni garee lamaanii galgala sa’aatii 4tti Istaadiyeemii Vaayitaaliitii gaggeeffama. Bornimawuz qabxii 11’n jahaffaa, Fulhaam qabxii saddetiin sadarkaa 11ffaarratti argama. Kilaboonni lamaan piriimar Liigiin yoo waliin taphatan kun kan salgaffaati. Taphoota saddet Kanaan dura taphatamaniin Bornimawuz yeroo afur yoo mo’atu Fulhaam yeroo lama mo’ateera. Yeroo lama ammoo walqixa bahaniiru. Taphoota liigii bara dorgommii 2024/25 taasisaniin Bornimawuz yeroo tokko yoo mo’atu taphoota hafaniin qabxii qooddataniiru. Bornimawuz sagantaa turban jahaffaan Liidsi Yuunaayitid waliin 2 fi 2’n yoo xumuru Fulhaam Astonviilaadhaan 3 fi 1’n mo’ameera. Sagantaan Piriimar Liigii Ingiliz turban toorbaffaan amma Fulbaana 25 bara 2018tti nitura.
Shaampiyoonsi Liigii Marsaa 15’f kan mo’ate Riyaalmaadiriid tapha shaampiyoonsi liigiin kaayirati Almaatii waliin nitaphata
Sep 30, 2025 689
Fulbaana 20/2018(TOI)-Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa sagantaa marsaa lammaffaan Riyaal maadriid garee kaazakistan Kaayiraatii Almaatii waliin har’a nitaphata. Taphni Kilabootaa lamaanii galgala sa’aatii 1fi daqiiqaa 45tti Istaadiyeemii Artaalikitti nigaggeeffama. Tapha jalqabaa Riyaalmaadiriid Marseeyin 2 fi 1n yoo Injifatu, Kaayirati Almaatii ispoortingiin lizbeeniin 4 fi 1 mo’ameera. Kilabiiwwan lameen shaampiyoonsi liigiin yoo wliin taphatan kun kan jalqabaati. Injifataan Dorgommii yeroo marsaa 15ffaa RiyaalMaadiriid taphicha gaggeessuuf imala xiyyaaraa naannoo kilomeetirii kuma 7 kan taassise ijoo dubbii ta’eera. Imalichi Qophii qaamaa Taphattootaarratti dhiibbaa akka geessisu dubbatamaa jira. Haaluma walfakkaatuun galgala sa’aatii 1 fi daqiiqaa 45tti kilabii Atilaantaa kilab Biruuj waliin nitaphatu. Shaampiyoonsi Liigii Marsaa 15’f kan mo’ate Riyaalmaadiriid tapha shaampiyoonsi liigiin kaayirati Almaatii waliin nitaphata Galgala sa’aatii 4 irratti taphoonni 7 ni gaggeeffamu. Chelsiin Benefiika, galatasarayi Liivarpuul, paafos baayer muniik, Atileetikoomaadriid Intiraakit Firaankifart, Intermiilaan Silaaviyaa piraag, Marseey ayaakisi fi bodo gilimti Totanihaam hotispersi waliin nitaphatu.
Waancaan Itiyoophiyaa Onkloolessa 9 eegala
Sep 30, 2025 603
Fulbaana 20/2018(TOI)-Waancaan Itiyoophiyaa bara 2018 Onkoloolessa 9 bara 2018 akka eegalu Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itiyoophiyaa beeksise. Dorgommii Marsaa jalqabaa Onkoloolessa 9 hanga 11 bara 2018tti gaggeeffamurratti gareen Liigii Olaanoon nihirmaatu. Gareen kun Magaalota Dorgommii Marsaa keessatti gaggeeffamanitti ramaddiisaaniin tapha walii gaggeessuun gareen injifatan marsaa lammaffaan piriimer liigii Itiyoophiyaa waliin walitti makamanii akka taphatan federeeshinichi hubachiiseera. Walaayitaa Diichaan yeroo kana garee Waancaa Itiyoophiyaa injifatedha.
Piriimer Liigicha dursaa kan jiru Liivarpool Kiristaal Paalaas waliin nitaphata
Sep 27, 2025 866
Fulbaana 17/2018 (TOI)-Sagantaan torban jahaffaa Piriimer liigii Ingiliz taphoota har’a taphatamaniin ittifufa. Olmaa guyyaa jalqabaa turban jahaffaatiin taphoonni Toorba nigaggeeffamu. Saganticha keessaa liigicha dursaa kan jiru taphni Livarpool Landan Kibbaa dhaquun guyyaa keessaa sa’aatii 11tti taphatu keessatti argama. Livarpool qabxii 15niin sadarkaa tokkoffaa irra kan jiru yoo ta’u Kiristaal Paalaas qabxii sagaliin sadarkaa shanaffaarra jira. Livarpool yoo mo’ate qabxii Arsenaal waliin qaban yeroof gara saddetiitti guddata. Kiristaal paalaas fi Livarpool amma ammaatti liigichaan hinmo’amne. Cheelsiin Biraayitan, Maanchastarsiitiin Barnleeyi fi Liidsi Yuunaayitid Barnimaawuz waliin salaatii walfakkaataa guyyaa keessaa sa’aatii 11tti nitaphatu. Birentifordi Manchastar Yuunaayitid waliin guyyaa keessaa sa’aatii 8 fi 30tti nitaphatu. Nootiingihaam Forest Sandarlaand waliin galgala sa’aatii 1 fi 30tti, Astonviilaan Fulhaam waliin galgala sa’aatii 4tti nitaphatu.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Godina Wallagga Lixaatti kunuunsi Biqiltuuwwan ganna dhaabamaniif taasifamu itti fufeera
Oct 11, 2025 341
Onkoloolessa 1/2018 (TOI)- Godina Wallagga Lixaatti kunuunsi Biqiltuuwwan ganna dhaabamaniif taasifamu itti fufuusaa waajjirri qonnaa godinichaa beeksise. Hoogganaan waajjira godina Wallagga Lixaa obbo Fayyisaa Hambisaa akka ibsanitti, waggoottan walitti aanan darban godinichatti sagantaa ashaaraa magariisaan biqiltuuwwan faayidaa garagaraa qaban dhaabamaniiru. Biqiltuuwwan waggoottan darban dhaabaman bu’a qabeessa akka ta’an jiraattonni godinichaa kunuunsaa akka jiran dubbataniiru. Keessumaa kunuunsi biqiltuuwwan ganna darbe sagantaa ashaaraa magariisaan dhaababaniif taasifamu cimee gaggeeffamaa jira jedhaniiru. Walumaa gala biqiltuuwwan waggoottan darban sagantaa ashaaraa magariisaan godinichatti dhaabaman naannawicha magariisaan guutuurra darbee hojii qonnaafis deeggarsa gochaa akka jiran ibsaniiru. Biqiltuu kunuunsuurratti kan argman keessaa adde Leellisee Birhaanuu, biqiltuuwwan baatii gannaa asharaa magariisaan dhaabaman kunuunsaa akka jiran dubbataniiru. Biqiltuuwwan waggoottan darban sagantaa ashaaraa magariisaan naannawasaaniitti dhaabamaniin jijjiiramni qabatamaa dhufaa jiraachuu waan hubataniif ammas kunuunsa cimsaa jiraachuu eeraniiru. Obbo Garramuu Nagaraa gamasaaniin, biqiltuuwwan dhaabaman akka guddatan qoodasaanii bahaa akka jiran dubbataniiru. Hundi naannawasaatti Biqiltuu kunuunsuun guddisuu qaba kan jedhan ammoo obbo Natsaannat Abbabaa yoo ta’an biqiltuuwwan waggoottan darban dhaabaman faayidaa garagaraa kennaa akka jiran ibsaniiru.
Tarkaanfii fi kutannoon Itiyoophiyaan qulqullina qilleensaa fooyyessuuf fudhatte dinqisiisaadha
Sep 25, 2025 990
Fulbaana 15/2018(TOI)- Tarkaanfii fi kutannoon cimaan Itiyoophiyaan qulqullina qilleensaa fooyyessuuf qabdu dinqisiisaadha jechuun ibse inistiitiyuutiin dhaabbata qorataa idil addunyaa Istookhoolm Invaaronment ibse. Qulqullinni qilleensaa qilleensi ammam faalamarraa bilisa? Kan jedhu kan ittiin safaramudha. Biyyoonnii fi dhaabbileen safartuuwwan qulqullina qilleensaa qopheessuun qilleensi qulqulloodha moo faalameera kan jedhu madaaluun qulqullinasaa fooyyessuuf nihojjetu. Qulqullinni qilleensaa fooyya’uunsaa dhibeef saaxilamuu hir’isuuf, qilleensa naannawaa eeguu fi jijjiirama haala qilleensaa ittisuuf qooda murteessaa qaba. Inistiitiyuutiin Istookhoolm Invaaromentaal A.L.Atti bara 1989 hundeeffame qormaattonni haala qilleensaa, qilleensa naannawaa fi misooma fulla’aa akka furaman yaada saayinsaawaa qorannoo fi qu’annoo nidhiheessa, deeggarsa gabbisa dandeettii nitaasisa. Deeggarsa dhaabbanni imaammata Saayinsii idil addunyaa taasisu keessaa biyyoonni qulqullina qilleensaa akka fooyyessan deeggaruudha. Inistiitiyuutii Istookhoolm Invaaromentaalitti ogeessii fi qorataan qulqullina qilleensaa Nigongangi Waanjii Danub turtii TOI waliin taasisaniin, Kutannoo cimaa Itiyoophiyaan qulqullina qilleensaa fooyyessuuf qabdu dinqisiifataniiru. Itiyoophiyaan qulqullina qilleensaa ilaalchisee yeroo yerootti odeeffannoo walitti qabuun dursuun faalama ittisuuf hojiin itti jirtu jajjabeessaadha jdhaniiru. Odeeffannoowwan sadarkaa dhaabbataatti galtee imaammataaf oolchuuf kutannoo jiru dinqisiifataniiru. Karoora bulchiinsa qulqullina qilleensaa fi qulqullinni ittiin to’atamu qopheessuunfaalama qilleensaa dursaan ittisuuf akka dandeessisu dubbataniiru. Inistiitiyuutichi hojii abbaan taayitaa eegumsa naannoo bulchiinsa magaalaa Finfinnee magaalichatti odeeffannoo qulqullina qilleensaa walitti qabuu fi to’annoo qulqullina qilleensaa hojjechaa jiru deeggaraa akka jiru ogeessi kun ibsaniiru. Teeknooloojiiwwan Inistiitiyuutiin hubannoo namtolchee Itiyoophiyaa hojjetu dabalatee Humna Itiyoophiyaan dhaabbilee garagaraa keessatti qabdu odeeffannoowwan qulqullina qilleensaa yeroo yerootti walitti qabuun faalama hir’isuuf cimtee hojjechuu akka qabdu gorsaniiru. Qulqullina Qilleensaa fi odeeffannoo haala qilleensaa haala Qindaa’een fayyadamauun faalama ittisuurratti bu’aa hunda galeessafiduuf hojjechuun akka malu hubachiisaniiru. Invaarometaal Inistitiyuutii Istookholmi Itiyoophiyaa dabalatee sadarkaawwan qulqullina qilleensa biyyoota Afriikaa akka fooyyessan deeggarsa gochaa jiraachuu ibsaniiru. Sadarkaa safartuu qulqullina Qilleensa biyyoolessaa fi hojiirra oolmaa imaammataa fi deeggarsa gabbisa dandeettii kennaa jiraachuu eeraniiru. Odeeffannoo Qulqullina Qilleensaa biyyoota Afriikaa haala qilleensa biyyoolessaa waliin walitti hidhuurratti akka argamu ogeessi kun ibsaniiru. Biyyoon buufata raaga haala Qilleensaasaaniitti odeeffannoo haala qilleensasaanii waliin odeeffannoo haala qilleensa walitti hidhanii fayyadamuun bu’aa barbaadamu fiduuf akka hojjetanii fi cehumsa gara Dinagdee Magariisaatti taassisan akka saffisiisan hubachiisaniiru. Dhimmi qulqullina qilleensa Afriikaa caasaa dhaabbataa fi hammattoo imaammataan dabaluuf hojii eegalan cimsanii akka itti fufan waamicha dhiheessaniiru.
Innisheetiivoota Itiyoophiyaan Dhiibbaa Haala Qilleensaa dandamachuuf Jalqabde tumsa kibba-kibbaan jabeessuu barbaachisa
Sep 12, 2025 1373
Fulbaana 02/2018(TOI)- Innisheetiivoota Itiyoophiyaan Dhiibbaa Haala Qilleensaa dandamachuuf Jalqabde tumsa kibba-kibbaan jabeessuun akka barbaachisu hoggantoonni dhaabbilee Idil-Addunyaa ibsan. Hangi Faalama gaazii Afriikaan gallakkiftu dhibbentaa afur caaluu baatus dhiibbaa haala jijiirama qilleensaan baay’ee Miidhamtuu ta’uunshee hin oolle. Keessumaa Afriikaa dabalatee biyyoonni guddachaa jiran rakkoo dhiibbaa jijiirama Haala Qilleensaan isaanirra gahu gaaffii dhimma jiraachuu keessa kan galu ta’eera. Afriikaan Dhiibbaa Haala Qilleensaa dandamachuuf biyyoota gaazii qilleensa faalu guddaa dad-lakkisan eeggachuuurra , furmaata mataashee barbaaduu qabdi kan jedhu yaada dhaabbilee Idil-addunyaa hedduuti. Kanarra darbee biyyootaTeekinooloojiin badhaadhan kanneen akka Chaayinaa fi Jaappaan waliinTumsa waloo Kibba-kibbaa taassisuun humna Teekinooloojii guddifachuu akka qabdu ibsaniiru. Gargaaraan Barreessaa dhaabbata Meetiworooloojii Addunyaa Toomaas Asaaree TOI’f akka ibsanitti , Hidhi Haaromsa Itiyoophiyaa Guddicha faayinaansii haala Qilleensaa maddisiisuu fi biyyoonni ollaa humna Haaromfamaan walitti hidhuun gumaacha guddaa qaba. Itiyoopiyaan sagantaa Ashaaraa Magariisaan biqiltuuwwan biiliyoonaan lakka’aman dhaabuun Dinagdee magariisaa Jijiirama Haala Qilleensaan hinraafamne ijaaraa jiraachuu ibsaniiru. Kanaafis Kutannoon gaggeessummaa Ministira Muummee Dr.Abiyi Ahimadii fi Hirmaannaan ummata Itiyoophiyaa qooda olaanaa qabachuu dubbataniiru. Ta’us Itiyoophiyaan Jijiirama Haala Qilleensaa dandamachuuf tattaaffii taassistu tumsa kibba -kibbaan jabeessuutu barbaachisa jedhaniiru. Gargaaraa Daarekteer Jeneraalaa dhaabbata qonnaa fi nyaataa addunyaa fi itti waamamaan Afriikaa Dr. Abbabaa Hayilagabreel gamasaaniin, waliigalteewwan Paarisii fi idil addunyaa kanneen biroo biyyoonni gaazii qilleensa faalu guddaa gad-lakkisan faayinaansii jijjiirama qilleensaa akka danda’an taasisuuf bahan sirnaan hojiirra hin oolle jedhaniiru. Dhiibbaa jijiirama haala Qilleensaa dandamachuuf tumsa kibba-kibbaa cimsuun humna teekinooloojiisaanii guddisuu akka qaban ibsaniiru. Afriikaan ardii humna haaromfamaa, qabeenyota albuudaa fi dilbii uumamaa kanneen biroo qabdu ta’uushee eeruun, teeknooloojii dilbii kana ittiif fayyadamtu tumsa kibba-kibbaan madaqsuu qabdi jedhaniiru. Hammattoo waliigaltee Kibba -Kibbaan biyyoon akka chaayinaa waan hedduun qoramanii humna teekinooloojii bu’uura qabatan ijaaraniiru kan jedhan Dr.Abbabaan , Afriikaan turtee seenuushee, /latecomer advantage/ akka carraatti fayyadamuu akka qabdu ibsaniiru. Biyyoonni akka Chaayinaa hammattoo tumsa tumsaan dandeettii teeknooloojii hedduu qoramanii bu’ura qabate ijaaraniiru kan jedhan Dr. Abbabaan, Afriikaan turtee itti seenuunshee /late comer advantage/ akka carraatti fayyadamuu akka qabdu ibsaniiru.
Afriikaan jijjiirama haala qilleensaaf gargaarsa osoo hintaane Invastimantii waloo barbaaddi-Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Sep 8, 2025 1456
Qaammee 3/2017(TOI)- Afriikaan jijjiirama haala qilleensaaf gargaarsa osoo hintaane Invastimantii waloo barbaaddi jedhan Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad. Yaa’iin jijjiirama haala qilleensaa Afriikaa lammaffaan jiddugala konveenshinii idil addunyaa Addisitti eegalameera. Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad dabalate hooggantoonni riijinichaa fi biyyoota Afriikaa garagaraa, hooggantoonni dhaabbilee idila addunyaa akkasumas qorattoonni jijjiirama haala qilleensaa yaa’icharratti hirmaataniiru. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad dubbii baniinsa yaa’ichaarratti dubbataniin, qormaata jijjiirama haala qilleensaa damdamachuuf hir’uu keenyarraa osoo hinta’iin kan qabnurraa eegaluu qabna jedhaniiru. Haala Kanaan Afriikaan dargaggoota hedduu, lafa misoomuu danda’u akkasumas humna haaromfamaaf wantoota hedduu qabdi jedhaniiru. Waan ta’eef asitti kan argamne jijjiirama haala qilleensaa addunyaaf furmaata kaa’uufi jechuun ibsan ministirri muummee. Kanaaf Afriikaan laftishee osoo hinmiidhamiin guddachuu akka dandeessu ibsaniiru. Afriikaan jijjiirama haala qilleensaaf kan barbaaddu gargaarsa osoo hintaane Invastimantii walooti kan jedhan ministirri muummee, invastimantiin jijjiirama haala qilleensaarratti taasifamu faayidaa guddaa akka qabu kaasaniiru. Afriikaan jijjiirama haala qilleensaaf furmaata ijoo ta’uu akka qabdus dubbataniiru.’ Afriikaan jijjiirama haala qilleensaarratti birmadummaa odeeffannoo mataashee qabaachuu akka qabdu kaasaniiru. Hammattoon Yuunivarsiitiiwwanii fi qorattoota Afriikaa akkasumas qooda fudhattoota biroo hirmaachisee fi jijjiirama haala qilleensaaf furmaata qindaa’e diheessu akka hindeeffamu yaada dhiheessaniiru. Haala Kanaan Itiyoophiyaan karaa ashaaraa magariisaa waggoottan toorba dura eegalameen biqiltuu biiliyoona 48 dhaabuushee eeraniiru. Sagantaan ashaaraa magariisaa naannawa eeguurra darbee bakkeewwan miidhaman akka bayyanatan, wabii nyaataa fi carraa hojii uumuuf carraa guddaa uumuusaa eeraniiru. Itiyoophiyaan misooma jallisii rakkoo jjjiirama haala qilleensaan walsime hojjechuun oomisha Qamadiin jijjiirama olaanaa fiduushee ibsaniiru. Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi tibbana eebbifamu anniisaa haaromfamu meegaa waattii kuma shan caalaa maddisiisuunItiyoophiyaa fi riijinicha fayyadamoo anniisaa akka taasisu ministirri muummee dubbataniiru. Itiyoophiyaan yaa’ii jijjiirama haala qilleensaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii keessummeessuu akka barbaaddus eeraniiru.
Gabaasa addaa
Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifama
Dec 7, 2024 7743
Sadaasa 27/2017(TOI) - Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu Humni Elektiriikii Itoophiyaa beeksise. Har'a galgala kana tasgabbii dhabuu sistamaatiin rakkoo mudateen guutuu biyyattiitti humni elektirikii addaan citeera. Rakkoo kana hiikuufi humnicha deebisuuf buufatalee maddoota humnaafi raabsaatti tattaaffiin olaanaa taasifamaa jira. Rakkoo umame Humni Elektiriikii Itoophiyaa hiikee hanga bakkasaatti deebisutti obsaan akka nu eegdan kabajaan gaafachaa, odeeffannoowwan jiran hatattaamaan kan isiniin biraan geenyu ta'a jechuun Tajaajilli Elektiriikii Itoophiy karaa miidiyaa hawaasummaa isaa beeksiseera.
Hoggantoonni hojii bulchiinsa magaalaa Finfinnee balaa Ibiddaa Markaatoo naannaawwa Shammaa taraa jedhamutti mudateen miidhaa qaqqabe daawwata.
Oct 22, 2024 6326
Onkoloolessa 12/2017(TOI) - Hoggantoonni hojii bulchiinsa magaalaa Finfinnee balaa Ibiddaa Markaatoo naannaawwa Shammaa taraa jedhamutti mudateen miidhaa qabeenyarra gahee bakkatti argamuun ilaalaniiru. Paartii Badhaadhinaatti hogganaan damee wajjira Finfinnee obbo Mogas Baalchaa wayita kana akka himanitti; gamoo balaan ibiddaa irratti mudatee qaama isaa gar tokko balaa kanarraa baraaruun danda'ameera. Kutaaleen hawaasaa fi qaamoleen nageenyaa karaa qindaa'een balaa kana to'achuu fi balaan kun gara biraatti akka hin babal'anneef hojii hojjetaniif galateeffataniiru. Bulchiinsi magaalichaa balaa ibiddaa mudate kanaan kanneen miidhaman deebisee dhaabuuf xiyyeeffannoon akka hojjetu obbo Mogos Baalchaa ibsuu isaanii Odeeffannoon Waajjira Kantiibaarra argame ni mul'isa.