Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Waggoota Jijjiiramaa darbanitti hojiileen tajaajila tola ooltummaan hojjetammaan fayyadamummaa hawaasaa kan mirkaneessanidha
Apr 3, 2026 170
Bitootessa 25/2018(ENA)- Waggoota jijjiiramaa darban hojiileen namooma irratti xiyyeeffatamanii tajaajila tola ooltummaan Magaalichatti raawwataman fayyadamummaa hawaasaa qabatamaan mirkaneessuusaanii Komishiniin Qindeessa Hirmaannaa Hawaasaa Finfinnee beeksise. Magaalattiitti waggoottan saddeettan darbanitti hojiin lammiilee hedduu fayyadamoo taasise qindoomina abbootii qabeenyaa fi dargaggootaan raawwatameera. Itti aantuun Komishinaara Komishinichaa Asraat Nuguusee turtii ENA waliin taasisaniin akka ibsanitti; Magaalattii keessatti tajaajila tola ooltummaan hojiiwwan namoomaa irratti xiyyeeffatanii hojjetamaniin milkaa’inni hedduun galmaa’eera. Waggoottan jijjiiramaa darbanitti waggaa waggaan dameewwan xiyyeeffannoo 15 irratti sagantaalee Gannaa fi Bonaatiin hojiileen fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessan hojjetamuusaanii eeraniiru. Dameewwan tajaajilaa kunis, Haaromsa Manneen harka qal’eeyyii fi maanguddootaa, Maaddii qooddachuu, dhiiga arjoomuu, ittisa balaa tiraafikaa, Barnootaa fi leenjii, Eegumsa naannoo fi miidhagina akkasumas hirmaannaa sagantaa Ashaaraa Magariisaa kan hammatanidha. Keessattuu manneen harka qalleeyyii diiguun haaraa ijaaruun bu’aawwan gurguddoon hawaasa fayyadamoo taasisan galmaa’uusaanii dubbataniiru. Waggoota jijjiiramaa darban qofatti Manneen kuma 45 ol ijaaramanii jiraattotaaf dabarfamuu eeruun; manneen kun haala jireenya lammiilee ammayaa’aa fi jireenyaaf mijataa ta’een ijaaramuu isaanii ibsaniiru. Sagantaa Maaddii qooddachuutiin jiraattota magaalichaa miliyoona 6 tuqaa 5 ol deddeebiidhaan fayyadamoo taasisuun akka danda’ame eeraniiru. Hojiilee Namoomma irratti xiyyeeffatan keessatti abbootiin qabeenyaa gahee olaanaa bahuu isaanii Itti aantuun Komishinaraa kun ibsanii; abbootiin qabeenyaa deeggarsa ofiisaaniin tasisan malee kanneen biroo qindeessuun gumaacha guddaa taasisuu isaanii dubbataniiru.
Itiyoophiyaatti baatii Eebila dhufu kanatti naannoolee baay’ee rooba Arfaasaa fayyadaman irra caalaan isaanii qilleensa jiidha qabu argatu
Apr 3, 2026 123
Bitootessa 25/2018 (ENA): Itiyoophiyaatti baatii Eebila dhufu kanatti naannoolee baay’ee rooba Arfaasaa fayyadaman irra caalaan isaanii qilleensa jiidha qabu akka argatan Inistiitiyuutiin Meetirooloojii Itiyoophiyaa beeksise. Ibsa Inistiitiyuutichi ENA’f ergeen, rooba Arfaasaa Bitootessa 23 hanga Eebila 22/2018tti, hangi jiidhinsa qilleensaa ol’aanaa akka ta’u ibseera. Kana waliin roobni Arfaasaa Itiyoophiyaa irra caalaan isaa ji’a Eebilaa keessa baay’inaa fi raabsa isaatiin ji’oota Arfaasaa lamaan caalaa jiidha ni qabaata. Haalli qilleensaa kun naannolee rooba Arfaasaan oomishan keessatti hojii qonnaaf haala mijataa ni uuma jedhamee eegama jechuun inistiitiyuutichi ibsa baaseen beeksiseera. Haalli qilleensaa jiidhinni walitti fufiinsaan jiru ji’a Bitootessaa keessa oomishtummaa midhaan Arfaasaa sadarkaa guddinaa adda addaa irra jiruuf iddoo guddaa qaba jedheera. Akkasumas qilleensi jiidhaan Kibbaa fi Kibba Baha Itiyoophiyaa irraa eegamu oomisha midhaanii, lafa dheedichaa fi dhiyeessii bishaanii naannoo walakkaa horsiisee bulaa kan akka Booranaa, Gujii fi kanneen kana fakkaatan keessatti murteessaa ta’uu himameera. Qonnaan bultoonnii fi horsiisee bultoonni naannoo Arfaasaa oyiruu isaanii qopheessuun haala jiidhinsa mijataa eegamutti akka fayyadaman dhaameera inistitiyuuchi. Inistiitiyuutichi naannoleen rooba gabaabaa ta’an haala gogiinsa walitti fufiinsa qabu kan sababa jijjiirama rooba Arfaasaatiin rooba uumamuu danda’u dandamachuuf jiidhina oyiruu keessa tursiisuuf tarkaanfii barbaachisaa fudhachuu akka qabanis hubachiiseera. Gama biraatiin, sigiga lafaa, dhiqama biyyee fi lolaa cimaa naannoo tokko tokkotti sababa rooba cimaatiin uumamuu malu irraa of eeggannoon akka taasifamu hubachiiseera. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena
Tajaajila Geejibaa Nageenyisaa eegame kennuuf hojjetamaa jira
Apr 3, 2026 115
Bitootessa 25/2018(ENA)- Ejensiin Geejiba Oromiyaa Tajaajila Geejibaa Nageenyisaa eegamee Hawaasaaf kennuudhaaf hojjechaa jiraachuu Biiroon Geejiba Oromiyaa beeksise. Daarektarri Daarektoreetii Koomunikeeshinii Ejensii Geejiba Oromiyaa Obbo Lammeessaa Tasaanaa,Tajaajila Geejibaa Qulqullina qabu hawaasaan gahuuf bal’inaan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Qulqullina Leenjii Konkolaachisummaa, gahumsa konkolaataa fi Nageeenya Tiraafikaarratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhaniiru. Balaan Tiraafikaa hir’isuuf gahumsa konkolaataa fi konkolaachisaan wal-qabatee hojiin bal’aan hojjetamuu ibsaniiru. Balaan Tiraafikaa irra caalaan kan uumamu rakkoo konkolaachisaa fi imaltoota lafoon ta’uu eeruun, rakkoon kun akka hin babal’anneef Ejensichi Qulqullina Leenjiirratti hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Kanaafis, Leenjii Konkolaachisummaa gara teekinooloojiitti fiduun qulqullina Leenjii konkolaachisummaarratti hojjetamaa jira jedhaniiru.   Kenna Tajaajila Geejibaa Leenijii konkolaachisummaa, Galmeessaa fi kenninsa Boolloorratti, teekinooloojiidhaan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Geejibaan wal-qabatee rakkoo jiru furuuf kaameeraan hordofuun rakkoon buufata konkolaataa keessatti mudatu hordofamaa jiraachuu obbo Lammeessaan eeraniiru. Rakkoo konkolachiftoonni taarifaan ol kaffalchiisuu fi darbaa fe’uun mudatu yoo argan bilbila bilisaan 8556n hawaasni eeruu akka kennus dhaamaniiru. Agarsiisnii fi baazaariin raawwii hojii sektaroota biiroolee Oromiyaa guyyaa sadiif galma aadaa Oromootti qopheessummaa Biiroo komunikeeshinii Oromiyaan gaggeeffamaa ture har’a xumurameera.
Waggoottan jijjiiramaa keessa magaalaa Shaggaritti hojiin rakkoolee Hawaasummaa fi Dinagdee furan hojjetamaniiru
Apr 3, 2026 125
Bitootessa 25/2018(ENA)- Magaalaa Shaggaritti waggoottan jijjiiramaa keessa hojiiwwan rakkoo Hawaasummaa fi dinagdee furan hojjetamuu Bulchiinsi Magaalichaa beeksise. Hojiiwwaan Bulchiinsa Magaalichaan hojjetaman ilaalchisuun Sadarkaa Itti Aanaa Kantiibaatti qindeessaan kilaastara Bulchiinsaa fi Tajaajilaa Obbo Gugsaa Dajanee ENA’f ibsaniiru. Akka Obbo Gugsaa Dajanee jedhanitti, Magaalaan Shaggar waggoota jijjiiramaa keessatti hundaa’uun yeroo gabaabaa keessatti milkaa’ina Hawaasummaa fi dinagdee hedduu galmeessiseera. Bulchiinsi Magaalichaa Waggoottan jijjiiramaa keessatti badhaadhina jiraattotaa mirkaneessuuf karoorri baafaman hojiirra kan itti oolan ta’uus ibsaniiru. Milkaa’inoota ijoo waggoottan kanneen keessatti galmaa’an keessaa inni tokko, babal’isa bu’uuraalee misoomaa magaalattii keessatti baay’ee boodatti hafaa ture fooyyessuu akka ta’e eeraniiru. Keessattuu hojiiwwan Daangaa Kabachiisuu, weerara lafaa fi ijaarsa seeran Alaa ittisuurratti hojjetameen bu’aan argamuusaa ibsaniiru. Magaalattiin erga hundooftee eegalee Magaalummaa idileessuu fi caaseffama mootummaa ammayaa’aa bal’inaan hojjetamuu hubachiisaniiru. Gama Kanaan tajaajila wiirtuu tokkoo "Masoob" teeknoolojii Diijitaalaan deeggarame hojiirra oolchuun tajaajila ariifataa fi qulqullina qabu Jiraattota Magaalichaaf dhiyeessuun danda'amera jedhaniiru. Dabalataanis, rakkoo mana jireenyaa furuuf jiraattota waldaan ijaaruun, akkasumas karaa dhuunfaa fi tumsa Mootummaan manneen jireenyaa akka ijaaraman taasifamaa jiraachuu ibsaniiru. Pilaanii Caasaa Magaalattii eegsisuun fi haala jireenya ummataa fooyyessuun, Shaggariin jireenyaa fi hojiif mijattuu gochuuf hojiiwwan jalqabaman cimanii akka itti fufan mirkaneessaniiru.
Faayidaa Itiyoophiyaa kabachiisuuf gama hundaan caalanii argamuu fi tumsa cimsuun dhimma filannoof hindhihaanedha
Apr 3, 2026 322
Bitootessa 25/2018(ENA)-Nageenyaa fi Faayidaa Itiyoophiyaa fi riijinichaa kabachiisuuf gama hundaan caalanii argamuu fi tumsa cimsuun dhimma yeroon gaafatuu fi filannoof hindhihaanedha jedhan daarektar jeneraaliin tajaajila odeeffannoo fi nageenya biyyaalessaa ambaasaaddar Reedwaan Huseen. Ambaasaaddar Reedwaan kana kan jedhan konfaransii nageenya biyyaalessaa lammaffaa kaleessa gaggeeffamerrattidha. Daarektar Jeneraaliin tajaajila odeeffannoo fi nageenyaa biyyaalessaa ambaasaaddar Reedwaan Huseen, waggoottan darban haalli tasgabbii mudannoowwan jijjiiramaa, tilmaamuun hin danda’amnee fi walxaxaan mudachuu yaadachiisaniiru. Humnoonni farra nageenyaa fi gareewwan shororkeessaa Naannoo Amaaraa fi Oromiyaa keessa socho’an rakkoolee garagaraa uumaa turuusaanii kaasaniiru. Diinonni keessaa fi alaa Itiyoophiyaa maraammartoo hindhaabanne keessa galchuuf yaalii gochaa turuusaanii eeraniiru. Dhaabbileen Nageenyaa fi tasgabbii yaaddoo qolachuuf,ummanni nagana bahee akka galu gochuuf, hawaasa waliin ta’uun bobbii fi tarkaanfii seera kabachiisuu bu’a qabeessa ta’e fudhachuunnagaa fi tasgabbii biyyaalessaa akka mirkaneessan ergama kennameef milkaa’inaan bahachaa akka jiran ibsaniiru. Haalli saffisaan jijjiiramaa akka jiru eeranii, olla keenya Sudaanitti waraanni waliinii itti cimuusaa, Somaaliyaatti shororkeessitoonni Alshabaabii fi Ayi essi bayyanachuusaanii fi toftaan haleellaa isaaniis jijjiiramaa dhufuu kaasaniiru. Biyyoota Ardichaa biroo keessattis yaaddoowwan tasgabbii fi jeequmsi garagaraa dabaluusaa himaniiru. Addunyaa jijjiiramaa fi tilmaamuun hin danda’amne kana keessatti nageenyaa fi faayidaa biyyaalessaa mirkaneessuuf caalanii argamuun dhimma filmaata hin qabnedha jedhaniiru. Tumsaa fi qindoominaan dandeettii keessaa guddisuun humna ergama biyyaaf bobba’u baay’isuu fi cimsuun akka barbaachisu eeraniiru. Waraanni jiddugaleessa bahaatti gaggeeffamaa jiru riijinichaaf yaaddoo haaraa uumeera kan jedhan ambaasaaddar Reedwaan, keessumaa biyyoota akka Itiyoophiyaa ulaa galaanaa hin qabne haala walxaxaa keessa galcheera jedhaniiru. Itiyoophiyaan ulaa galaanaa argachuuf carraaqqii gochaa jirtu gareen ji’oo siyaasaa haala yeroo saffisaan jijjiiramuusaaniin gamatti riijinichi galaana diimaarratti dhiibbaa uumuuf humnoota barbaadaniin bakka dorgommii ta’aa dhufuusaa yaaddoo dabalataa uumeera jedhan. Haalli kun fedhiin Itiyoophiyaa ulaa galaanaaf qabdu buufataan olitti nageenyaa fi tasgabbii riijinichatti amansiisaa kan mirkaneessu akka ta’u kan hubachiisu ta’uu eeraniiru. Qaqqabummaa galaana diimaarratti itti fayyadama waloo diriirsuuf biyyoonni riijinichaa hundi tumsaan hojechuun barbaachisaa ta’uusaa mirkaneessuuf hojiilee dippilomaasii eegalaman cimsuun itti fufsiisuun dirqama ta’eera jedhan. Ajandaan nageenya biyyaalessaa ijoo kun akka dhugoomu dhaabbileen tasgabbii fi nageenyaa xiyyeeffannoosaanii gama fedhiiwwan yeroo fi egereetiin ilaaluun qoodasaanii bahuuf qooda murteessaa qabu jedhaniiru. Tajaajilli odeeffannoo fi nageenyaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa keessatti nageenyi waaraa fi tasgabbiin akka bu’u, faayidaan biyyaalessaashee akka dhugooman dhageettiin riijinii fi idil addunyaa qabdu akka guddatu hojjechaa jira jedhaniiru. Dhaabbii akka dhaabbataatti qabu humna namaa, hojmaata, caaseffamaa fi teeknooloojii ammayyaatiin gara sadarkaa olaanaarraan gahuuf adeemsa jijjiiramarra akka jiru eeraniiru. Ajandaawwan nageenya biyyaalessaa Itiyoophiyaa milkeessuuf hojmaata qindoomina qooda fudhattoota federaalaa fi naannoo hunda waliin taasisu bobbii waloos cimsee akka itti fufu eeraniiru. Qaamolee deeggartootaa biyyoota biroo faayidaa fi kaayyoo waloo qaban waliin tumsa cimsee akka itti fufus ibsaniiru. Riijinichi fedhiin heddootaa kan keessa jiru bobbiin tarsiimawaa kan itti taasifamu waan ta’eef diinonni Itiyoophiyaa seenaan beeku fucha haalonni jijjiiramoo uuman faayodaa ofiif oolchuuf carraaqaa jiru jedhaniiru. Itiyoophiyaa dadhabsiisuuf sochii taasisan cimsanii itti fufuusaanii hubachuun akka barbaachisu eeraniiru. Kanaaf qormaata mudatan harka wal qabachuun cehuuf Siviilii, qaama nageenyaa fi lammiilee jidduutti tumsa cimsuun murteessaa ta’uu dubbataniiru.
Kan mul'ate

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa

Waltajjiin Marii Ajandaa walitti qabuu qooda fudhattootaa marsaa jalqabaa Naannoo Tigiraay milkaa’aadha– Koomishinara Olaanaa Piroofeesar Masfin Ara’ayaa
Apr 3, 2026 306
Bitootessa 25/2018 (ENA): Waltajjiin Marii Ajandaa walitti qabuu qooda fudhattootaa marsaa jalqabaa Naannoo Tigiraay milkaa’aa ta’uusaa Komishinarri Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Piroofeesar Masfin Ara’ayaa ibsaniiru. Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Bitootessa, 23, 2018 irraa eegalee Adeemsa Marii Ajandaa Walitti Qabuu Naannoo Tigraay marsaa jalqabaa magaalaa Finfinneetti gaggeessaa tureera. Qooda fudhattoonni Naannoo Tigraay marsaa jalqabaa irratti hirmaatan ajandaa qopheessan Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaaf dhiyeessaniiru. Kanuma waliin waltajjiin ajandaa walitti qabuu kun hojimaata hordofameen gama hundaan gaggeeffamuu isaa Koomishinara Olaanaan Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Piroofeesar Masfin Ara’ayaa ibsaniiru. Waltajjichi milkaa’aa ta’uu eeruun, qaamota milkaa'ina waltajjichaaf gumaachan galateeffataniiru. Waltajjicharratti hirmaattonni 700 ol kan hirmaatan yoo ta’u, yaadonni hedduun waliif qoodamuu isaanii Komishinarri Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa obbo Malaakuu Waldamaariyaam ibsaniiru. Komishinarri Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa, Dr. Yoonaas Adaayee waltajjiin marii ajandaa walitti qabuu marsaa jalqabaa qooda fudhattoota naannoo Tigraay milkaa’inaan xumuramuu isaa hubachiisuudhaan, gara fuulduraatti waltajjiin ajandaa walitti qabuu akka jiraatu ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena
Bitootessi 24 guyyaa demokiraasiin fuulleetti ba’ee fi yaadni ida’amuu itti mo’ateedha
Apr 2, 2026 2562
Bitootessa 24/2018(ENA)- Bitootessi 24 guyyaa dimokiraasiin fuulleetti ba’ee fi yaadni ida’amuu itti mo’ate ta’uu paartii badhaadhinaatti Hogganaan Damee Siyaasaa Waajjira Damee Naannoo Oromiyaa Namarraa Bulii ibsan. Hiriira deeggarsaa Jijjiirama biyyaalessaa ilaalchisuun magaalaa Jimmaatti gaggeeffamerratti ergaa kan dabarsan Obbo Namarraan, guyyichi Itiyoophiyaan biyya meeshaan osoo hin ta’iin yaada caalmaan injifateen bultu ta’uushee guyyaa itti Addunyaatti mul’istedha jedhaniiru.   Waggoota jijjiiramaa darbanitti naannichatti birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf hojiiwwan hojjetamanii fi oomisha qamadii gara alaatti erguun danda'amuunsaa milkaa'ina galmaa'an keessaa isaan ijoo ta’uusaa eeraniiru. Qormaatilee Jijjiiramaan booda nu mudatan gara carraatti jijjiiruun milkaa'ina hedduun galmaa'aniiru kan jedhan Obbo Namarran, dhibbaawwan adda addaa dandamachuun hojiiwwan ciccimoon hojjetamuu ibsaniiru. Xiyyeeffannaan itti aanus dinagdee qaala'iinsa jireenyaa dandamachuu danda'u ijaaruu fi hojiiwwan misooma hawaasummaa cimsuun itti fufsiisuu akka ta'u eeraniiru.   Bulchaan Godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasir gama isaaniin, Bitootessa 24 guyyaa Saboonni fi Sab-lammoonni itti injifatan fi boqonnaan jijjiiramaa haaraa itti eegale waan ta'eef, yeroo hunda Seenaa keessatti yaadatamaa akka jiraatu dubbataniiru. Haaluma walfakkaatuun, Godina Wallagga Dhihaatti jijjiirama biyyaalessaa waggaa 8ffaa ilaalchisuun hiriira deeggarsaa gaggeeffame irratti Bulchaan Godinichaa Obbo Taliilaa Tarrafaa akka dubbatanitti, Bitootessa 24 guyyaa godinichatti injifannoon misoomaa akka galmaa'u taasisedha. Naannichi qormaatilee adda addaa keessa osoo jiruu, jiraattonni Godinichaa nagaa fi misooma kan barbaadu ta'uusaa hojiin agarsiiseera jedhaniiru. Bulchaan kun dabaluunis, hojiiwwan misoomaa gama hundaan galmaa'an akka hin gufanneef, kutaaleen hawaasaa hundi naannoosaa eeggachuun qoodasaa akka bahu waamicha dhiyeessaniiru. Jiraattonni hiriira deeggarsaa Magaalaa Gimbiitti gaggeeffame irratti argamanis, waggoota jijjiiramaa keessatti milkaa'ina argame itti fufsiisuuf qooda keenya ni baana jedhaniiru. Imala Milkaa'ina Bitootessa 24 Sababeeffachuun Jiraattonni hiriira deeggarsaa Magaalaa Gimbiitti gaggeeffamerratti hirmaatan, waggoota jijjiiramaa Saddeettan darban keessatti hojiiwwan misoomaa ummata fayyadamoo taasisan hedduun hojjetamuusaanii ragaa bahaniiru. Obbo Buusaa Garmaamaa fi Obbo Wasanuu Tarfaasaa waggoota darban keessatti hojiiwwan bu'ura misoomaa adda addaa fayyadamummaa ummataa mirkaneessan bal'inaa fi qulqullinaan hojjetamaniiru jedhaniiru. Fuuldurattis hojiiwwan misoomaa karoorfaman galma akka ga'aniif qooda keenya ni baana jedhaniiru. Godinichatti dameewwan hundaan hojiiwwan qabatamaan hojjetamuu ibsuun, bu'aa argame cimsuuf yeroo kamiyyuu caalaa akka hojjetan mirkaneessaniiru.
Bitootessi 24 guyyaa damee hunda keessatti jijjiiramni bu’uuraa lafa qabatedha
Apr 2, 2026 1759
Bitootessa 24/2018 (ENA): Bitootessi 24 guyyaa jijjiiramni bu’uuraa damee hundaan lafa qabate ta’uu Hoggantuun Biiroo Lafaa Naannoo Oromiyaa aadde Masarat Asaffaa himani. Jijjiirama biyyaalessaa waggaa 8ffaa sababeeffachuun hiriirri ummataa naannoo Oromiyaa magaalaa Maayaatti geggeeffameera. Hiriira ummataa kanarratti hoggantoonni bulchiinsa godinaa fi magaalaa sadarkaa sadarkaan jiran, abbootiin amantaa, qonnaan bultoonni, dargaggootaafi dubartoonni, akkasumas kutaaleen hawaasaa adda addaa hirmaataniiru.   Hirmaattonni hiriira deeggarsaa kanaas jijjiirama argame itti fufsiifna, Bitootessi 24 guyyaa bu’uura jijjiiramaa fi badhaadhina Itiyoophiyaaf kaa’e, Bitootessi 24 bu’uura imala ifaa ta’uu ibsuun, ergaawwan biroos dabarfamaniiru. Hoggantuun Biiroo Lafaa Naannoo Oromiyaa aadde Masarat Asaffaa ergaa guyyaa kana dabarsaniin, Bitootessi 24 guyyaa itti Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Itiyoophiyaa jijjiiruuf aangoo itti fudhatan ta’uu ibsaniiru. Mootummaan jijjiiramaa qormaata mudate irra aanee imala badhaadhina biyyaalessaa itti fufsiiseera jedhani. Mootummaan jijjiiramaa naannichaa keessatti nageenyaa fi misooma guddisee, hawaasni hojii misoomaa irratti akka bobba’uu fi fayyadamummaa isaa akka mirkaneessu kan taasise ta’uus ibsaniiru. Hojiileen Itiyoophiyaan damee diinagdee, hawaasummaa fi siyaasaan olka’iinsa akka qabaattu mirkaneessan hojjetamuu isaaniis eeraniiru.   Bulchituun godina Harargee Bahaa aadde Miskii Mohaammad akka himanitti, Bitootessi 24 guyyaa ifni abdii biyyattii keessatti ife dha jedhani. Ummanni bahee jijjiirama kana deeggaruu galateeffachuun, imala jijjiiramaa Itiyoophiyaan eegalte itti fufsiisuun akka barbaachisu waamicha dhiyeessaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI#Ena
Bu'aawwan mootummaa jijjiiramaan argame cimsinee itti fufsiifna
Apr 2, 2026 1132
Bitootessa 24/2018 (ENA): Jiraattonni magaalaa Jimmaa hojiiwwan misoomaa fi milkaa’inoota mootummaan jijjiiramaa eegale cimsinee itti fufsiifna jedhani. Hundeeffama mootummaa jijjiiramaa waggaa 8ffaa kabajuuf hiriirri ummataa magaalaa Jimmaatti geggeeffameera. Yaada jiraataan magaalaa Jimmaa obbo Nigaatuu Damissee ENA’f kennaniin, mootummaan jijjiiramaa hidha haaromsa guddicha Itiyoophiyaa waggoota muraasa darban keessatti tumsa cimaa ummata Itiyoophiyaatiin eegalame xumuruu danda’eera jedhani. Kunis milkaa’ina dhiibbaa dippilomaasii ulfaataa irra aanuu irraa argame ta’uu eeruun, pirojektoota hafan itti fufsiisuuf waliin dhaabbachuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. Aadde Roozaa Takkaa gama isaaniitiin, mootummaan jijjiiramaa waggoota darban keessatti hariiroo dippilomaasii Itiyoophiyaa guddiseera jedhan. Dhimmi abbummaa buufata Galaanaa argachuu gaaffii bira darbee ajandaa waltajjiiwwan gurguddoo addunyaa ta’uu eeruun, milkaa’ina isaaf jijjiirama biyyaalessaa kana deeggaruun itti fufsiisuu akka qaban himani. Erga jijjiiramaa as dubartoonni sadarkaa hojii mootummaa olaanootti hirmaachuu jalqabaniiru kan jette immoo shamarree Eden Maarqosi dha. Jijjiiramni biyyaalessaa fayyadamummaa dubartootaaf dursa kan kenne ta’uu eeruun, deeggarsa kanaaf cimsinee itti fufna jetteetti. Dargaggeessi biraa Haayidar Huseen Itiyoophiyaa keessatti haala kanaan dura hin argamne keessatti paartileen siyaasaa waldorgoman iddoowwan mootummaa ijoo qabatanii biyya isaanii akka tajaajilan eeyyamameera jedhe. Aadaa walta’iinsa walitti dhiyeenyaa kana eegsisuuf jijjiirama biyyaalessaa deeggaruun itti fufsiisna jedheera. #Ena Afaan Oromoo #TOI#Ena
Yaad-rimeen mootummaa jijjiiramaa kana keessa bocame aadaan dhimma biyyaalessaa irratti walitti dhiyeenyaan hojjechuu cimee itti fufuu qaba
Apr 1, 2026 1538
Bitootessa 23/2018 (ENA): Yaad-rimeen mootummaa jijjiiramaa kana keessa bocame aadaan dhimma biyyaalessaa irratti walitti dhiyeenyaan hojjechuu cimee itti fufuu qaba jedhan hayyoonni Yunivarsiitii Wallaggaa. Mul’anni siyaasaa mootummaa jijjiiramaa, paartileen mul’ata adda addaa qabaatanis, dantaa biyyaalessaa irratti waliin hojjechuun barbaachisaa ta’uu kan deeggaruu fi kana malees hanga aangoo qooduutti illee kan qabatamaan agarsiisedha. Waggoota jijjiiramaa darban keessatti yaad-rimeen waliin hojjechuu fi dantaa biyyaalessaa irratti waldeeggaruu kun gara dhugaatti jijjiiramuu isaa qabatamaan argineerra jedhani. Kanumaan walqabatee hayyoonni Yuunivarsiitii Wallaggaa ENA waliin turtii taasisan akka himanitti, Yaad-rimeen mootummaa jijjiiramaa kana keessa bocame aadaan dhimma biyyaalessaa irratti walitti dhiyeenyaan hojjechuu cimee itti fufuu qaba jedhan. Hayyoonni kun ibsa isaanii keessatti mootummaan ce’umsaa hirmaannaa paartilee siyaasaa morkattootaa dhimma biyyaalessaa keessatti guddisuu fi iddoo siyaasaa babal’isuuf hojii eegale itti fufuu akka qabu ibsaniiru. Yunivarsiitii Wallagaatti barsiisaan Saayinsii Siyaasaa fi Hariiroo Idil Addunyaa kan ta’an Darajjee Galaasaa akka himanitti, adeemsa ijaarsa biyyaa keessatti mootummaan paartilee siyaasaa dorgoman waliin tumsi taasisuun siyaasa qaroomeef bu’uura kaa’eera jedhani. Itti dabaluunis, paartileen ilaalcha siyaasaatiin garaagarummaa qabaatanis aadaa dhimma biyyaalessaa irratti walitti dhiyeenyaan hojjechuu akka horatan gargaaruu keessatti gahee mataa isaa qaba jedhan.   Yunivarsiitichatti barsiisaan Saayinsii Siyaasaa fi Hariiroo Idil-addunyaa Mahaammad Arbaayi gama isaaniitiin hojiiwwan iddoo siyaasaa babal’isuu waggoota jijjiiramaa keessatti mul’atan dhimmoota biyyaalessaa irratti walitti dhiyeenyaan hojjechuuf bu’uura kaa’aniiru jedhan. Mootummaan jijjiiramaa Paartiilee siyaasaa waliin walitti dhiyeenyaan hojjechuun dimokiraasii kan babal’isu ta’uu himaniiru. Hojii dimokiraasii kana itti fufsiisuu fi sirna mootummaa hirmaachisaa ta’e eeguun guddina biyyaa keessatti gahee olaanaa akka qabus hubachiisaniiru. Filannoon waliigalaa 7ffaan haala haqa qabeessaa fi dimokiraatawaa ta’een akka xumuramuuf paartileen siyaasaas ejjennoo dantaa Itiyoophiyaaf dursa kennu qabaachuu akka qaban ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI#Ena
Sirni filannoo Meeshaa Ijaarsa Aadaa Dimookiraasii abbummaa Aangoo uummataa mirkaneessu dha - Paartiilee  Siyaasaa
Mar 31, 2026 1556
  Bitootessa 22/2018 (ENA): Sirni filannoo Meeshaa ijaarsa aadaa dimookiraasii qabatamaan abbummaa Aangoo uummataa mirkaneessu ta’uu Paartiileen Siyaasaa ibsan. Akka sagantaa yeroo Boordii Filannoo Biyyaalessa Itoophiyaatti, filannoo waliigalaa baranaa kan sagaleen itti kennamu Caamsaa 24 bara 2018 keessatti, galmeen filattootaa Guraandhala 28 bara 2018 irraa eegalee adeemsifamaa jira. Kanaanis appilikeeshinii “Mircaayeenii” fi buufatalee filannootti argamuun hanga Bitootessa 18 bara 2018tti walii gala filattoonni miiliyoona 28 ol galmaa’uusaanii boordichi beeksiseera. Filannoo waliigalaa 7ffaa kanaan Paartilee Siyaasaa Morkattootaa dorgoman 47 ta’an kaadhimamtoota kuma 10 fi 934galmeessisuun,filannoowwan Miidiyaatti fayyadamanii imaammatasaanii uummata beeksisaa jiru. paartileen siyaasaa dorgomtoonni Adeemsa filannoo ilaalchisuun (ENA) waliin turtii taasisaniin,filannoo waliigalaa 7ffaa kana irratti dorgomtoota dammaqoo ta'uuf qophii taasisaa jiraachuu ibsaniiru. Pireezidantiin Paartii Dhaloota Haaraa fi Walitti qabaan Mana Maree Waliinii Paartilee Siyaasaa Naannoo Oromiyaa Obbo SalamoonTafasaa,filannoon adeemsa Dimookiraasii Abbummaan Aangoo Uummataa itti mirkanaa'u dha jedhaniiru. Boordiin Filannoo Biyyaalessa Itiyoophiyaas galmee kaadhimamtootaa fi filattoota filannoo walii galaa 7ffaa Sirna Dijiitaalaa dabalatee gaggeessuun, haala filannoo dandeessisu uumuusaa ibseera. Kanaafis, filannoo waliigalaa Baatii Caamsaatti gaggeeffamu kanaaf dimookiraasummaasaa eegsisuuf qophii dursa barbaachisu xumuruun adeemsichatti hirmaannaa ho’aa taasisaa jiraachuu isaanii dubbataniiru. Itti gaafatamaan waajjira Paartii Dimookiraasii Uummata Qucaa Baandiraa Balachoo gamasaaniitiin,Jijjiiramnibiyyaalessa Itiyoophiyaa sirna hedduumina paartiileef dorgommii mijataa fi hirmaachisaa ta'e uumuusaa kaasaniiru.   Kanaanis, filannoo waliigalaa 7ffaa irratti dorgommii olaantummaa yaadaa irratti hundaa'e taasisuun, ijaarsa Sirna Dimookiraasiitiif gahee ijaaraa gamasaanii akka bahatan mirkaneessaniiru. Barreessaa fi Itti gaafatamaan Quunnamtii Uummataa Paartii Dimokiraatawaa Itiyoophiyaa Tokkoo barsiisaa Salamoon Aniibaal; jijjiiramni biyyaalessa Itiyoophiyaa hundeeffama paartiisaaniitiif dirree siyaasaa bal'aa uumuusaa ibsaniiru.   Filannoon waliigalaa torbaffaan Abbummaa Aangoo Uummataa mirkaneessuun, ce’umsa siyaasaa qaroome taasisuuf waltajjii murteessaa ta’uusaa dubbataniiru. Sirni filannoo meeshaa Ijaarsa Aadaa Dimookiraasii Abbummaa Aangoo uummataa mirkaneessudha kan jedhan itti gaafatamaan kun, adeemsa filannoo keessatti faayidaa biyyaalessaa fi tokkummaa uummataatiif xiyyeeffannoon kennamuu qaba jedhaniiru. Waltajjiiwwan falmii Miidiyaaleen qopheessan filannoowwan Imaammataa paartilee uummata waliin walitti fiduun, shaakala dimookiraasii dhalootaaf darbu gumaachaa jiraachuu ibsaniiru. Paartileen Siyaasaa waltajjiwwan falmii miidiyaalee yaadaa , Imaammataa bilchaataa uummataa fi biyya ceessisu dhiheessuun itti fayyadamuu qabna jedhaniiru.

Hawaasummaa
Waggoota Jijjiiramaa darbanitti hojiileen tajaajila tola ooltummaan hojjetammaan fayyadamummaa hawaasaa kan mirkaneessanidha
Apr 3, 2026 170
Bitootessa 25/2018(ENA)- Waggoota jijjiiramaa darban hojiileen namooma irratti xiyyeeffatamanii tajaajila tola ooltummaan Magaalichatti raawwataman fayyadamummaa hawaasaa qabatamaan mirkaneessuusaanii Komishiniin Qindeessa Hirmaannaa Hawaasaa Finfinnee beeksise. Magaalattiitti waggoottan saddeettan darbanitti hojiin lammiilee hedduu fayyadamoo taasise qindoomina abbootii qabeenyaa fi dargaggootaan raawwatameera. Itti aantuun Komishinaara Komishinichaa Asraat Nuguusee turtii ENA waliin taasisaniin akka ibsanitti; Magaalattii keessatti tajaajila tola ooltummaan hojiiwwan namoomaa irratti xiyyeeffatanii hojjetamaniin milkaa’inni hedduun galmaa’eera. Waggoottan jijjiiramaa darbanitti waggaa waggaan dameewwan xiyyeeffannoo 15 irratti sagantaalee Gannaa fi Bonaatiin hojiileen fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessan hojjetamuusaanii eeraniiru. Dameewwan tajaajilaa kunis, Haaromsa Manneen harka qal’eeyyii fi maanguddootaa, Maaddii qooddachuu, dhiiga arjoomuu, ittisa balaa tiraafikaa, Barnootaa fi leenjii, Eegumsa naannoo fi miidhagina akkasumas hirmaannaa sagantaa Ashaaraa Magariisaa kan hammatanidha. Keessattuu manneen harka qalleeyyii diiguun haaraa ijaaruun bu’aawwan gurguddoon hawaasa fayyadamoo taasisan galmaa’uusaanii dubbataniiru. Waggoota jijjiiramaa darban qofatti Manneen kuma 45 ol ijaaramanii jiraattotaaf dabarfamuu eeruun; manneen kun haala jireenya lammiilee ammayaa’aa fi jireenyaaf mijataa ta’een ijaaramuu isaanii ibsaniiru. Sagantaa Maaddii qooddachuutiin jiraattota magaalichaa miliyoona 6 tuqaa 5 ol deddeebiidhaan fayyadamoo taasisuun akka danda’ame eeraniiru. Hojiilee Namoomma irratti xiyyeeffatan keessatti abbootiin qabeenyaa gahee olaanaa bahuu isaanii Itti aantuun Komishinaraa kun ibsanii; abbootiin qabeenyaa deeggarsa ofiisaaniin tasisan malee kanneen biroo qindeessuun gumaacha guddaa taasisuu isaanii dubbataniiru.
Tajaajila Geejibaa Nageenyisaa eegame kennuuf hojjetamaa jira
Apr 3, 2026 115
Bitootessa 25/2018(ENA)- Ejensiin Geejiba Oromiyaa Tajaajila Geejibaa Nageenyisaa eegamee Hawaasaaf kennuudhaaf hojjechaa jiraachuu Biiroon Geejiba Oromiyaa beeksise. Daarektarri Daarektoreetii Koomunikeeshinii Ejensii Geejiba Oromiyaa Obbo Lammeessaa Tasaanaa,Tajaajila Geejibaa Qulqullina qabu hawaasaan gahuuf bal’inaan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Qulqullina Leenjii Konkolaachisummaa, gahumsa konkolaataa fi Nageeenya Tiraafikaarratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhaniiru. Balaan Tiraafikaa hir’isuuf gahumsa konkolaataa fi konkolaachisaan wal-qabatee hojiin bal’aan hojjetamuu ibsaniiru. Balaan Tiraafikaa irra caalaan kan uumamu rakkoo konkolaachisaa fi imaltoota lafoon ta’uu eeruun, rakkoon kun akka hin babal’anneef Ejensichi Qulqullina Leenjiirratti hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Kanaafis, Leenjii Konkolaachisummaa gara teekinooloojiitti fiduun qulqullina Leenjii konkolaachisummaarratti hojjetamaa jira jedhaniiru.   Kenna Tajaajila Geejibaa Leenijii konkolaachisummaa, Galmeessaa fi kenninsa Boolloorratti, teekinooloojiidhaan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Geejibaan wal-qabatee rakkoo jiru furuuf kaameeraan hordofuun rakkoon buufata konkolaataa keessatti mudatu hordofamaa jiraachuu obbo Lammeessaan eeraniiru. Rakkoo konkolachiftoonni taarifaan ol kaffalchiisuu fi darbaa fe’uun mudatu yoo argan bilbila bilisaan 8556n hawaasni eeruu akka kennus dhaamaniiru. Agarsiisnii fi baazaariin raawwii hojii sektaroota biiroolee Oromiyaa guyyaa sadiif galma aadaa Oromootti qopheessummaa Biiroo komunikeeshinii Oromiyaan gaggeeffamaa ture har’a xumurameera.
Bara jijjiirama biyyaalessaa keessa imaammata Barnootaan haaraatiin hojii qabatamaan hojjetameera – Doktar Tolaa Bariisoo
Apr 3, 2026 194
Bitootessa25/2018(ENA)- Bara jijjiirama biyyaalessaa keessa imaammata Barnootaan haaraatiin hojii qabatamaan hojjetamuu Hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa doktar Tolaa Bariisoo ibsan. Bu’aa Jijjiirama Imaammata Barnootaatiin Manni Barmsusaa Bu’uura Boruu babal’achuusaa ibsaniiru. Waggaa shaniin dura manni Burumsaa Bu’uura boruu kuma tokko kan hin caalle akka ture ibsuun, yeroo amma manni Barumsaa bu’uura boruu kuma 20 ol gahuu ibsaniiru. Barsiisota kuma 40 ol leenjisuun Mana Barumsaa Bu’uura Boruuratti ramaduun hojjetamaa jiraachuun jijjiirama gudda ta’uu dubbataniiru. Akkasumas Manni Barumsaa Bultii addaa ijaaramee Barattoonni qabxii olaanaa galmeessisan keessatti barachaa kan jiran ta’uu ibsaniiru. Manneen Barnootaa babal’isuun barattoonni Miiliyoona 12 ol Oromiyaa keessatti barachaa jiraachuu himaniiru. Gara fuuldurattis jijjiirama gama Barnootaan mul’ate ittifufsiisuuf fooya’insa Barnootaa fi jijjiirama Barsiisaa irratti hojii baay’ee kan hojjetan ta’uus eeraniiru. Manneen Barnootaa sadarakaa 2ffaa keessatti bu’uuraalee misoomaa hin guutamne guutuun, Barsiisaa fi Hoggansarratti itti fufiinsaan akka hojjetamu dubbataniiru. Qulqullina Barnootaa kan mirkaneessan keessa tokko hojii barsiisaarratti hojjetamu ta’uu eeruun, Barsiisonni Sadarkaasaanii akka fooyyeffatan kan hojjetan ta’uu himaniiru. Manneen Barnootaa dabalataa bu’uura booruu, sadarkaa 1ffaa, 2ffaa fi daree dabalataa ijaarun hanqina daree barnootaan jiru furuuf kan hojjetamu ta’uu eeraniiru. Manneen Barnoota sadarkaa 2ffaarratti xiyyeeffachuun guddina Teekinooloojii wajjin akka deemaniif wantoota barbaachisan guutuuf kan hojjetamu ta’a jedhaniiru.
Waggoottan jijjiiramaa darban hojiileen naannoo Harariitti raawwataman dhaloota dhufuuf bu’ura cimaa kaa’aniiru
Apr 3, 2026 50
Bitootessa 25/2018(ENA)- Waggoottan jijjiiramaa darban hojiileen naannoo Harariitti raawwataman dhaloota dhufuuf bu’ura cimaa kan kaa’an ta’uu hogganaan waajjira komunikeeshinii mootummaa naannichaa Heenook Mulunaa ibsan. Baatiin Bitootessaa fedhiin Itiyoophiyaan Jijjiiramaaf qabdu kan itti dhugoomee fi imalli badhaadhinaa kan itti eeggalamedha jedhan. Jijjiiramni dhufee mootummaan ida’amuu biyya bulchuu erga eegalee asitti dameelee hawaasummaa, dinagdee fi siyaasaan guddinni galmaa’eera jedhan. Gama siyaasaatiin jijjiiramaan booda naannichatti shira siyaasaarraa siyaasa qajeeltootti, wal qoollifachuurraa fi wal jibbiinsarraa gara nagaa fi waloomaatti akka ceenu nu taasiseera jedhaniiru. Gama dinagdeetiinis misooma qonnaa fi turizimiitiin bu’aaleen ummata naannichaa fayyadamaa taasisan galmaa’uu eeraniiru. Gama hawaasummaatiin qulqullina barnootaa gama gabbisuutiinii fi qulqullinaa fi waliin gahiinsa tajaajila fayyaa gama mirkaneessuutiin hojiileen garagaraa raawwatamuusaanii hogganaan kun ibsaniiru. Hambaa idil addunyaa Jagol balaa isa mudate jalaa baraaruun kan danda’ame waggoottan jijjiiramaa kana keessadha jedhaniiru. Hojiileen misooma Kooriidaraa magaalichaa fi Jagol deebisanii misoomsuudhaan hojjetaman magaalattiin turistii hawachuurra darbee jiraattotaaf akka mijattu godheera jedhan. Walumaa gala hojiileen waggoottan jijjiiramaa keessa raawwataman dhaloota dhufuuf bu’ura cimaa kan kaa’an ta’uu hubachiisaniiru.
Diinagdee
Waggoottan jijjiiramaa keessa magaalaa Shaggaritti hojiin rakkoolee Hawaasummaa fi Dinagdee furan hojjetamaniiru
Apr 3, 2026 125
Bitootessa 25/2018(ENA)- Magaalaa Shaggaritti waggoottan jijjiiramaa keessa hojiiwwan rakkoo Hawaasummaa fi dinagdee furan hojjetamuu Bulchiinsi Magaalichaa beeksise. Hojiiwwaan Bulchiinsa Magaalichaan hojjetaman ilaalchisuun Sadarkaa Itti Aanaa Kantiibaatti qindeessaan kilaastara Bulchiinsaa fi Tajaajilaa Obbo Gugsaa Dajanee ENA’f ibsaniiru. Akka Obbo Gugsaa Dajanee jedhanitti, Magaalaan Shaggar waggoota jijjiiramaa keessatti hundaa’uun yeroo gabaabaa keessatti milkaa’ina Hawaasummaa fi dinagdee hedduu galmeessiseera. Bulchiinsi Magaalichaa Waggoottan jijjiiramaa keessatti badhaadhina jiraattotaa mirkaneessuuf karoorri baafaman hojiirra kan itti oolan ta’uus ibsaniiru. Milkaa’inoota ijoo waggoottan kanneen keessatti galmaa’an keessaa inni tokko, babal’isa bu’uuraalee misoomaa magaalattii keessatti baay’ee boodatti hafaa ture fooyyessuu akka ta’e eeraniiru. Keessattuu hojiiwwan Daangaa Kabachiisuu, weerara lafaa fi ijaarsa seeran Alaa ittisuurratti hojjetameen bu’aan argamuusaa ibsaniiru. Magaalattiin erga hundooftee eegalee Magaalummaa idileessuu fi caaseffama mootummaa ammayaa’aa bal’inaan hojjetamuu hubachiisaniiru. Gama Kanaan tajaajila wiirtuu tokkoo "Masoob" teeknoolojii Diijitaalaan deeggarame hojiirra oolchuun tajaajila ariifataa fi qulqullina qabu Jiraattota Magaalichaaf dhiyeessuun danda'amera jedhaniiru. Dabalataanis, rakkoo mana jireenyaa furuuf jiraattota waldaan ijaaruun, akkasumas karaa dhuunfaa fi tumsa Mootummaan manneen jireenyaa akka ijaaraman taasifamaa jiraachuu ibsaniiru. Pilaanii Caasaa Magaalattii eegsisuun fi haala jireenya ummataa fooyyessuun, Shaggariin jireenyaa fi hojiif mijattuu gochuuf hojiiwwan jalqabaman cimanii akka itti fufan mirkaneessaniiru.
Xiyyeeffannoo addaa Mootummaan damee Qonnaaf kenneen qonnaan bultoonni kanaan dura gargaarsa Seeftineetiin jiraataa turan, yeroo ammaa misooma qonna qamadii irratti bobba’uun bu’a qabeessa ta’aa jiru
Apr 3, 2026 127
Bitootessa 25/2018 (ENA): Xiyyeeffannoo addaa Mootummaan damee Qonnaaf kenneen qonnaan bultoonni kanaan dura gargaarsa Seeftineetiin jiraataa turan, yeroo ammaa misooma qonna qamadii fi oomishaalee biroo irratti bobba’uun bu’a qabeessa ta’aa jiru jedhan Hogganaan Biiroo Qonnaa Naannoo Oromiyaa obbo Geetuu Gammachuu. Ministirri Qonnaa obbo Addisuu Araggaa, walitti qabaan Koree Dhaabbii Dhimma Qonnaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti obbo Salamoon Laalee fi hoggantoonni hojii mootummaa olaanoo biroo, naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Bahaa aanaa Ada’aa keessatti qamadii jallisii Bonaan misoomfamaa jiru guyyaa har’aa daawwataniiru. Daawwannaa kanarratti Itti Gaafatamaan Biiroo Qonnaa Naannoo Oromiyaa obbo Geetuu Gammachuu akka himanitti, xiyyeeffannoo guddaa mootummaan damee qonnaaf kenne jijjiirama qabatamaa naannichatti fideera jedhani. Kanaan dura bakkeewwan bal’inaan qamadii itti misoomsan kan akka Baaleetti osoo hin taanee yeroo ammaa naannolee kanaan dura qamadiin misoomfamee hin beeknetti bal’inaan misoomfamaa jiraachuu himani. Jijjiiramni hundee qabu kun qonnaan bultoonni naannichatti fayyadamtoota sagantaa Seeftineetii turan,yeroo ammaa ofirra darbanii gara bu’aa argamsiisuutti akka ce’an dubbatani. Misoomni qamadii Bonee jallisiin misoomu bara oomishaa bara 2011/12 lafa heektaara kuma torba qofa irratti eegalame, amma gara heektaara miiliyoona 3.4tti guddateera jedhan. Kun bu’aa guddaa yeroo gabaabaa keessatti galmaa’e ta’uu akeekaniiru. Qonnaan bultoonni qajeelfama mootummaa fudhachuun sirnaan hojiirra oolchuun bu’a qabeessa ta’uu kan danda’an yoo ta’u, kunis dameen misooma midhaanii Itiyoophiyaa garamitti akka guddachuu danda’u agarsiiftuu guddaadha jedhan. Misoomni qamadii jallisii Bonaa naannichatti gaggeeffamaa jiru, bal’ina lafa qonnaatiinis ta’e, oomishtummaan bu’aa fooyya’aa galmeessisaa akka jiru eeraniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena
Naannichatti hojiiwwan misoomaa waggoota jijjiiramaa darban keessatti fayyadamummaa ummataa dabalan hojjetamaa turaniiru
Apr 2, 2026 696
Bitootessa 24/2018 (ENA): Hojiileen misoomaa waggoota jijjirama darban keessatti fayyadamummaa ummataa guddisan naannoo Oromiyaa keessatti hojjetamuu isaanii Itti aanaan pireesidaantii naannichaa obbo Awwaluu Abdii ibsaniiru. Jijjiirama kana deeggaruuf godina Shawaa Lixaa fi magaalaa Ambootti hiriira deeggarsaa gaggeeffame, kutaaleen hawaasaa adda addaa irratti hirmaataniiru. Obbo Awwaluu Abdii hiriira deeggarsaa kana irrtti ergaa dabarsaniin, damee hedduun jijjiiramni argamuu himani.   Misooma magaalaa keessatti magaalota teeknooloojiin ammayyeessuun alattis tajaajila gahumsaa fi qulqullina qabu ummataaf kennuuf tajaajilli "Giddugala iddoo tokkoo” eegalamuu dubbataniiru. Bu’aawwan misoomaa waggoota jijjiiramaa keessatti galmaa’an eegsisuuf ummanni nageenya waaraa mirkaneessuuf tokkummaan dhaabbachuu akka qabu dhaamaniiru.   Bulchaan Godina Shawaa Lixaa obbo Didhaa Guddataa gama isaaniitiin mootummaan jijjiiramaa rakkoolee diinagdee fi hawaasummaa walxaxaa kanaan dura turan hiikuun pirojektoota gurguddoo hojiirra oolchuu isaa ibsani. Baranas Filannoo waliigalaa 6ffaa irratti waadaa ummataaf galle kabajnee, filannoo waliigalaa 7ffaaf waadaa haaraa seenuun guddina jalqabame itti fufsiifna jedhan.   Kantiibaan Magaalaa Amboo obbo Haacaaluu Gammachuu akka himanitti, Guraandhala 24, 2010 irraa eegalee hojiiwwan dameewwan misoomaa magaalichaa hunda keessatti hojjetamaa turan bu’a qabeessa ta’uu ibsaniiru. Hiriira deeggarsaa kana irratti hawaasni hirmaatanis misooma mootummaa jijjiiramaa kana keessatti galmaa’an irraa fayyadamoo ta’uu himaniiru.   Shammarree Dagmaawit Qumlaachoo bu’aalee argaman tikfachaa fi nageenya naannichaa eeguun misooma biyyattii itti fufsiisuuf qophii ta’uu ibsiteetti.   Obbo Nugusee Jorroo gama isaaniitiin ummanni waliin dhaabbachuun nageenyaa fi misoomaaf gumaacha isaa itti fufsiisuun irraa eegama jedhan.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Leenjiin koodarsii dhaloota dorgomaa fi bu’a qabeessa, beekumsaa fi gahumsa teeknooloojii hidhate uumaa jira
Mar 31, 2026 174
Bitootessa 22/2018 (ENA): Leenjiin koodaroota Itiyoophiyaa miiliyoona 5 ta’an dhaloota dorgomaa fi bu’a qabeessa beekumsaa fi dandeettii teeknooloojii hidhate uumaa jira jedhan Itti Aanaan Kantiibaa Bulchiinsa Dirree Dawaa Harbii Buhi. Leenjiin koodaroota Itiyoophiyaa miiliyoona 5, jalqabbii Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ta’e, dargaggoonni guutuu biyyattii keessatti argaman dameewwan teeknooloojii adda addaatiin beekumsaa fi dandeettii horachuun gahumsaa fi dorgomaa akka ta’an taasisaa jira. Bulchiinsi Dirree Dawaas bara kana dargaggoota kuma 36 fayyadamoo taasisuuf hojiiwwan hojjete keessatti bu’aa jajjabeessaa galmeessisaa jiraachuun himameera. Akka Itti Aanaan Kantiibaa Bulchiinsa magaalichaa Harbii Buhii ENAtti himanitti, Leenjiin koodarootaa dhaloota dorgomaa fi bu’a qabeessa ta’e uumaa jira jedhani. Dargaggoonni leenjii kanaaf galmaa’an kuma 36 keessaa dhibbeentaan 70 bu’a qabeessaa fi dammaqinaan leenjicha irratti kan hirmaatan yoo ta’u, isaan keessaa dhibbeentaan 59 ragaa fudhataniiru jedhani. Karoora leenjii kanaaf kaa’amee ture dhuma bara bajataa kanaatti guutummaatti galmaan ga’uuf tattaaffiin taasifamaa jira jedhan. Dargaggoonni Itiyoo Koodarsii beekumsaa fi dandeettii horataniin carraa hojii uumuu, qabeenya maddisiisuu, gahumsaa fi bu’a qabeessummaa isaanii mirkaneessaa akka jiran himaniiru. Itti dabaluunis dargaggoonni leenjicha xumuran tajaajila dhaabbata iddoo tokkoo(Masoob) fi waajjira sivil sarvisii keessatti kennamu qindeessuun gahumsa isaanii qabatamaan mirkaneessaa jiru jedhan. Hojiiwwan hojjetamanis Dirree Dawaan sadarkaa biyyaatti bu’aa fooyya’aa akka argamsiisu kan dandeessisan ta’uu hubachiisuudhaan, ji’oota baajataa hafan keessatti hojii bu’a qabeessa ta’e hojjechuuf tattaaffiin taasifamaa akka jiru eeraniiru. Leenjitoonnis leenjichi ergama isaanii bu’a qabeessaa fi gahumsaan akka raawwatan kan isaan dandeessise ta’uu ibsaniiru. Shamarreen Saaraa Huseen wiirtuu tajaajilaa magaalaa Dirree Masob keessatti kan hojjettu yoo taatu, beekumsaa fi dandeettii leenjicha irraa argatte gahumsaa fi saffisa guddaadhaan itti gaafatamummaa ishee raawwachuuf kan ishee gargaaru ta’uu ibsiteetti.   Leenjii kana milkaa'inaan xumuree Biiroo Pablik Sarvisii fi Misooma Qabeenya Humna Namaa irraa waraqaa ragaa kan argate Fiqiruu Zawudee leenjiin Itiyoo koodarsii dandeettii teeknooloojii dhaloota haaraa fooyyessaa jiraachuu himani.   Leenjichi ergama kana qulqullinaa fi saffisaan akka xumuran, itti quufinsa maamiltootaa akka dabalu isaan dandeessisuu eeraniiru.
Leenjiin koodarsii kalaqa hojiiwwan dijitaalaa guddisuuf gumaachaa buusaa jira
Mar 28, 2026 206
Bitootessa 19/2018 (ENA): Leenjiin Itiyoo-Koodarsii carraa hojii uumuu dijitaalaa fi kalaqa babal’isuun dorgomtummaa idil addunyaa guddisaa jira jedhan Deetaan Ministira Hojjetaa fi Ogummaa obbo Salamoon Sookaa. Leenjiin koodaroota Itoophiyaa miiliyoona shan kaka’umsa ministira muummee Doktar Abiyyi Ahimadiin eegalame kun, keessumattuu dargaggootaaf dorgomtummaa idil addunyaa isaanii babal’isuuf kan kaayyeffatedha. Haaluma kanaan lammiileen Itiyoophiyaa godinaalee adda addaa leenjii fudhatanii of bira darbanii hojiirra oolmaa tarsiimoo misooma dijitaalaa biyya isaaniif taasifamu irratti ashaaraa isaanii kaa’aa jiru. Deetaan Ministira Hojjetaa fi Ogummaa obbo Salamoon Sookaa ENAtti akka himanitti; Leenjichi dandeettii dijitaalaa lammiilee guddisuu fi dandeettii jireenya isaanii guddisu horachuuf kan gargaaru ta’uu ibsaniiru. Dargaggoonni damee teeknooloojii irratti bobba’an dandeettii isaanii akka guddifatanii gara hojii kalaqaatti akka ce’an gargaareera jedhan. Kunis dorgomtummaa biyyattii fi gara diinagdee beekumsa irratti hundaa'etti ce'uuf gumaacheera jedhan. Barnoota, qonna, industirii, turizimii fi dameewwan birootiin dijitaalaayizeeshiniif haala mijataa uumeera jedhaniiru.   Inistiitiyuutii Leenjii Teeknikaa fi Ogummaa Federaalaatti Daayreektarri Ayisiitii(ICT) Naa'ol Anbassee akka jedhanitti, inistiitiyuutichi barattootaa fi hojjettoonni leenjii kana akka fudhatan deeggarsa taasisaa jira. Leenjiin Itiyoo koodarsii(Ethio-Coders) dandeettii dabalataa horachuuf waan gargaaruuf lammiileen carraa argame sirnaan fayyadamuu akka qaban ibsaniiru. Ogeessi kun hojii lammiilee ogummaa kamiinuu bobba’an fooyyessuu keessatti gahee leenjiin kuni qabu ibsaniiru.   Barattuu Baayyush Tasfaayee fi fayyadamaan barnoota tolaa (scholarship) Sudaan Kibbaa Laadulii Moorii akka jedhanitti leenjiin kun bara dijitaalaa waliin deemuuf dandeettii horachuu keessatti faayidaa qabaachuu himani.  
Magaala Jimmaatti Tajaajilli wiirtuu tokkoo “Masoob” manguddootaa fi qaama miidhamtootaaf haala mijataa uumeeta
Mar 25, 2026 429
Bitootessa16/2018(ENA)-Magaalaa Jimmaatti Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob Manguddootaa fi qaama miidhamtootaaf haala mijataa uumuusaa jiraattonni magaalichaa ibsan. Magaalaa Jimmaatti Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob erga eegalamee ji’oota 6 lakkoofsiserra. Tajaajilichaan hawaasni Magaalichaa tajaajiloota hunda bakka tokkotti argachuu isaaniitiin yeroo fi maallaqa isaanii qusachuu danda’uusaa ibsaniiru.   Jiraataan Magaalaa Jimmaa Obbo Nuurii Yesuuf kanaan dura kaffaltii bishaanii fi ibsaa raawwachuuf guyyoota hedduu itti fudhachaa turuu ibsuun, amma garuu Masoob giddugala tajaajila tokkootti yeroo gabaabaa keessatti xumurachuusaanii ibsaniiru. Tajaajilichi yeroo fi baasii kan qusatu ta’uusaa obbo Nuuriin ibsaniiru.   Jiraataan Magaalatti biroon Obbo Muktaar Ibraahim tajaajila qabiyyee lafaa wajjin walqabatu argachuuf gara gidduugalichaa dhufuu isaanii ENA’f ibsaniiru. Ammaan dura tajaajila kana argachuuf seektaroota garagaraa irraa deddeebi’aa akka turan dubbachuun amma garuu guyyaa tokko keessatti xumuramaafii akka jiru dubbataniiru.   Itti Aanaan Hoji Gaggeessaa Giddugalichaa Obbo Abdii Salamoon gidduugalli tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob ji’oota 6n darban keessatti tajaajiloota kuma 84 ol kennuu dubbataniiru. Sektaraaleen 25 giddu galichaa keessatti hammatamuu ibsuun, hojjettoonni 103 hawaasa tajaajilaa jiru jedhaniiru. Tajaajilli Maanguddootaa fi qaama miidhamtoota giddu galeessa godhates kennamaa jirachuus ibsaniiru. Hojjettoonni tajaajila kennan gara manguddootaa fi qaama miidhamtootaatti dhiyaatanii tajaajiluun alatti, tajaajilli liiftii addaa qophaa'uus Obbo Abdiin dubbatan.   Fuuladurattis dameewwan giddugalichaa ganda magaalatti keessatti banuun caalaatti hawaasatti dhiyaachuuf karoorfamuusaas ibsaniiru. Kana malees, tajaajila gidduugalichaa socho'aa taasisuuf hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.
Ispoortii
Festivaalichi Tokkummaan Sab-daneessummaa kan itti cimuu fi waloominni kan itti  Calaqqisiisudha
Mar 29, 2026 398
Bitootessa 20/2018(ENA)- Festivaalli Ispoortiiwwan aadaa tokkummaan sabdaneessummaa kan itti jabaatuu fi duudhaan waliin jireenya sabootaa, sablammootaa fi ummattootaa kanitti calaqqisu ta’uu Pireezidantiin Naannoo Hararii Obbo Ordiin Badrii ibsan. Dorgommiin Isportii Aadaa biyyaalessaa 23ffaanii fi Festivaliin Isportii Aadaa 19ffaan mata-duree duree "Misoomni Ispoortii aadaa ol-ka'iinsa Itiyoophiyaatiif" jedhuun Magaalaa Hararitti jalqabeera. Pireezidantichi wayita sana akka jedhanitti; eegumsii fi mirkanaa’uun tokkummaa Sab-daneessummaa akkasumas waliin jireenyaa, Isportiiwwan aadaa guddisanii agarsiisuuf iddoo guddaa qaba jedhaniiru. Motummaan gama kanaan isportiin kun akka guddatu xiyyeeffannoo addaa kennuusaas dubbataniiru. Deetaa Ministira Damee Misooma Isportii Obbo Makiyyuu Mohammad gamasaanitiin; Mootummaan Isportii Aadaa walitti hidhaminsa naannawaa fiduuf,obbolummaa fi waliin jireenya cimsuuf itti fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru.   Itiyoophiyaan Festivalii Isportii Aadaa Afrikaa kan bara 2026 qopheessuuf carraa argachuu ishee yaadachiisaniiru. Carraa kanatti fayyadamuun ispoortiiwwan aadaa keenya obboloota keenya Afrikaatiif beeksisuuf hojjetamaa jiru jedhaniiru. Biyyaatti keessatti Isportiiwwan fi taphoota aadaa galmaa'an 293 ol qorannoon adda baafamuu mirkaneessaniiru.   Haata’u malee dambii fi seera taphaa dhiyaatee dorgommiidhaaf kan gahan gosa isportii 11 qofa akka hin caalle eeranii; fuulduratti kana babal’isuuf akka hojjetamu hubachiisaniiru. Prezidaantiin Mana Maree Federeeshinii Isportii Aadaa Itiyoophiyaa Aadde Hayiwaat Mohammad gamasaaniitiin, ispoortiin aadaa walitti hidhamiinsa ummataa haala fulla’aa ta’een cimsuu keessatti gahee olaanaa qaba jedhaniiru.   Magaalaa Hararitti kan jalqabame dorgommii fi Festivaliin Isportii aadaa kun guyyoota 8f kan turu yoo ta’u, guutuu biyyattiirraa ispoortessitoonni kuma tokkoo fi 500 ol ni hirmaatu jedhameera.
Mahaammad Saalaah Liiverpuuliin  dhuma waggichaatti ni gad-lakkisa
Mar 25, 2026 298
Bitootessa16/2018(ENA)-Taphataan Sarara fuulduraa Liivarpuul Mahaammad Saalaah xumura morkii waggaa kanaatti kilabicha akka gad-lakkisu ifatti beeksiseera. Saalaah Murtoo kana kan beeksise ergaa viidiyoon deeggartootasaaf dabarseeni . “Guyyaan kun gahuusaatti nangadda---xumura morkii waggaa kanaatti Liivarpuul gad-nan lakkisa. Kilabni kun, magaalittiin kunii fi deeggartoonnishee jireenya koo keessatti iddoo guddaa hangam akka qaban ibsuun na rakkisa” jedheera.   Ibsa kilabiin Liivarpuul baaseen Saalaah turtiisaa kilabii waggaa 9 waxabajjii bara 2026(A.L.A)tti akka xumuramu beeksiseera. Taphatichi deeggartoota isaatiif iftoomina uumuuf jecha, murtoosaa beeksisuu akka filate (BBC)n gabaaseera.   Ji’oota darban keessa hariiroon Saalaah fi Leenjisaa Arnee Siloot gidduu ture hammaachaa dhufuusaa fi carraan taphatichi tapharatti hirmaachuuf qabu xiqqaachuunsaa akka sababa murtoo kanaatti eeramu. Kilabichii fi taphataichi walii galteen walirraa adda bahuuf murteessaniiru. Saalaah kilabinsaa itti aanau ifatti beekamuu baatus, Kilaboonni Saawud Arabiyaa (keessattuu AL-Itihaad) taphaticha fudhachuuf fedhii guddaa akka qabanii fi mariirra jiraachuunsaanii bal’inaan gabaafamaa jira.   Saalaah turtiisaan Taphoota 435n Liivarpuuliif taphate keessaa galchii 255 galmeessiseera. Kunis galchii Iyaan Raashii (346) fi Roojeer Haanti (285)tti aanuun sadarkaa 3ffaan tarree galchii baay’ee Liivarpuul keessatti galmaa’ee akka argamu isa taasiseera.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Itiyoophiyaatti baatii Eebila dhufu kanatti naannoolee baay’ee rooba Arfaasaa fayyadaman irra caalaan isaanii qilleensa jiidha qabu argatu
Apr 3, 2026 123
Bitootessa 25/2018 (ENA): Itiyoophiyaatti baatii Eebila dhufu kanatti naannoolee baay’ee rooba Arfaasaa fayyadaman irra caalaan isaanii qilleensa jiidha qabu akka argatan Inistiitiyuutiin Meetirooloojii Itiyoophiyaa beeksise. Ibsa Inistiitiyuutichi ENA’f ergeen, rooba Arfaasaa Bitootessa 23 hanga Eebila 22/2018tti, hangi jiidhinsa qilleensaa ol’aanaa akka ta’u ibseera. Kana waliin roobni Arfaasaa Itiyoophiyaa irra caalaan isaa ji’a Eebilaa keessa baay’inaa fi raabsa isaatiin ji’oota Arfaasaa lamaan caalaa jiidha ni qabaata. Haalli qilleensaa kun naannolee rooba Arfaasaan oomishan keessatti hojii qonnaaf haala mijataa ni uuma jedhamee eegama jechuun inistiitiyuutichi ibsa baaseen beeksiseera. Haalli qilleensaa jiidhinni walitti fufiinsaan jiru ji’a Bitootessaa keessa oomishtummaa midhaan Arfaasaa sadarkaa guddinaa adda addaa irra jiruuf iddoo guddaa qaba jedheera. Akkasumas qilleensi jiidhaan Kibbaa fi Kibba Baha Itiyoophiyaa irraa eegamu oomisha midhaanii, lafa dheedichaa fi dhiyeessii bishaanii naannoo walakkaa horsiisee bulaa kan akka Booranaa, Gujii fi kanneen kana fakkaatan keessatti murteessaa ta’uu himameera. Qonnaan bultoonnii fi horsiisee bultoonni naannoo Arfaasaa oyiruu isaanii qopheessuun haala jiidhinsa mijataa eegamutti akka fayyadaman dhaameera inistitiyuuchi. Inistiitiyuutichi naannoleen rooba gabaabaa ta’an haala gogiinsa walitti fufiinsa qabu kan sababa jijjiirama rooba Arfaasaatiin rooba uumamuu danda’u dandamachuuf jiidhina oyiruu keessa tursiisuuf tarkaanfii barbaachisaa fudhachuu akka qabanis hubachiiseera. Gama biraatiin, sigiga lafaa, dhiqama biyyee fi lolaa cimaa naannoo tokko tokkotti sababa rooba cimaatiin uumamuu malu irraa of eeggannoon akka taasifamu hubachiiseera. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena
Itiyoophiyaan jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamachuuf tattaaffiin taasisaa jirtu qorannoodhaan deeggaramuu qaba
Mar 31, 2026 132
Bitootessa 22/2018 (ENA): Itiyoophiyaan jijjiirama qabeenya qilleensaa dandamachuuf tattaaffii taasisaa jirtu dhaabbileen barnoota olaanoo qorannoo fi saayinsiidhaan deeggaruu akka qaban Deetaan Ministeera Pilaanii fi Misoomaa Siyyum Mokonnon ibsani. Fooramiin waliigalaa jalqabaa sirna jalqabsiisa Tarkaanfii Haala Qilleensaa Yuunivarsiitiiwwan Itiyoophiyaa gaggeeffamaa jira.   Deetaan Ministira Pilaanii fi Misoomaa obbo Siyyum Mokonnon, jijjiirama qilleensaa ittisuuf tattaaffii biyyaalessaa keessatti gahee tarsiimoo dhaabbileen barnoota olaanoo qabaachuu qaban dubbataniiru. Furmaata saayinsaawaa qopheessuun waliin hojjechuun akka isaan irraa eegamus hubachiisaniiru. Itiyoophiyaan jijjiirama qilleensaa ittisuuf tarsiimoo dinagdee magariisaa haala qilleensaa dandamatu hojiirra oolchuurratti adda duree ta’uu hubachiisaniiru. Biqiltuu biiliyoona 48 ol dhaabuu fi anniisaa haaromfamuu danda’u misoomsuu dabalatee hojiiwwan waggoota darban keessa Sagantaa Ashaaraa Magariisaa keessatti galmaa’e Itiyoophiyaan Afrikaa fi Addunyaaf fakkeenya ta’uu agarsiisa jedhan. Dhaabbileen barnoota olaanoo qorannoo isaanii fi barruulee qorannoo fi barruulee barattoota digrii lammaffaa jijjiirama qilleensaa fi dhimmoota kanaan walqabatan irratti xiyyeeffachuu qabu jedhani. Dabalataanis waltajjiin kun waltajjii hojii qindoominaa qaamolee imaammata baasanii fi dhaabbilee barnootaa cimsu ta’uu ibsaniiru. Deetaan Ministeera Pilaanii fi Misoomaa akka dhaabbata dhimma haala qilleensaa to’atutti qindoomina yunivarsiitiiwwan waliin eegale cimsee akka itti fufu mirkaneessaniiru.   Yuunivarsiitiiwwan jijjiirama qilleensaa ittisuuf furmaata saayinsaawaa maddisiisuu keessatti gahee guddaa qabu kan jedhan immoo eeggataa Pireezidaantii Yuunivarsiitii Finfinnee Dr. Saamu’eel Kifilee dha. Akkasumas hojiiwwan misooma Ashaaraa magariisaa fi ijaarsa dandamachuu haala qilleensaa akka biyyaatti hojjetamaa jiran keessatti hirmaannaan yuunivarsiitiiwwan qaban ti’oorii irraa gara hojiitti jijjiiramuu akka qabus ibsaniiru. Waltajjichi hundeeffamuun jijjiirama qilleensaa furmaata barbaaduu keessatti milkaa’ina guddaa ta’uu ibsuun, tattaaffii akka biyyaatti jalqabame kan deeggaru ta’uu ibsaniiru.
Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Lixaatti  qophiin biqiltuuwwan ganna dhufu dhaabamaniii bal'inaan gaggeeffamaa jira.
Mar 29, 2026 378
Bitootessa 20/2018(ENA)- Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Lixaatti qophiin biqiltuuwwan ganna dhufu dhaabamaniii bal'inaan gaggeeffamaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksiseera. Waajjirichatti Ogeessi misooma bosonaa Obbo Guddataa Xuurii ENA’f akka ibsanitti, biqiltuuwwan qophaa’aa jiran keessaa soorataaf kan oolanii fi sanyiiwwan fuduraa akka keessatti argaman dubbataniiru. Baatiiwwan gannaa keessatti walumaagala lafa hektaara kuma 94 ol irratti sagantaan dhaabbii biqiltuu akka gaggeeffamu ibsuun; hojiin biqiltuu biqilchuu Aanaalee Godinichaa hunda keessatti kutaalee hawaasaa garaagaraa hirmaachiseen hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Qophiin kun fayyadamummaa qonnaan bulaa itti fufinsa qabu mirkaneessuuf akka danda’uuf sanyiiwwan biqiltuu oomishtummaan isaanii ol’aanaa ta’ee fi fooyya’an irratti xiyyeeffannoo gochuusaanii eeraniiru. Sagantaalee 'Ashaaraa Magariisaa' waggoottan darbanitti raawwatamaniin bu’aawwan jajjabeessaan galmeeffamuu isaanii ibsuun, biqiltuuwwan dhaabaman kunuunsuu fi eeguurrattis xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu dabalanii ibsaniiru. Biqiltuuwwan dhaabaman naannoo (ecosystem) jijjiiruu keessatti gahee ol'aanaa taphachuu bira darbee, harawwan goganii turan deebi'anii bishaan akka qabatan gochuun qonnaan bulaaf haala mijeessuusaanii dubbataniiru. Waggoottan torban darban walii gala lafa hektaara kuma 616 fi 613 irratti biqiltuuwwan dhaabamuusaanii yaadachiisuun; hawaasni naannichaa aadaa bosona eeguu qabuun milkaa’ina misooma magariisaatiif gumaacha guddaa gochaa jiraachuu ibsaniiru.
Godinichatti bara kana ashaaraa magariisaatiin biqiltuu Miliyoonni 167 dhaabuuf hojjetamaa jira
Mar 27, 2026 184
Bitootessa18/2018(ENA)- Godina Horroo Guduruu Wallaggatti bara kana ashaaraa magariisaatiin biqiltuu Miliyoonni 167 dhaabuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa fi Lafaa Godinichaa beeksise. Godinichatti biqiltuu ashaaraa magariisaatiin barana dhaabamuuf lafti heektaarri kuma 40 fi 902 qophaa’uu itti Gaafataan Waajjira Qonnaa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Doktar Warqinaa Galataa himaniiru.   Godinichatti Aanaa Jaardagaa Jaartee fi Amuruutti Ashaaraa magariisaa bara kanaa milkeessuuf xiyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu eeraniiru. Sagantaa Ashaaraa magariisaan Biqiltoota madaala qilleensaa eegan dhaabuun cinaatti kanneen nyaataaf oolan irratti xiyyeeffachuun dhaabbiin Ashaaraa Magariisaa kan raawwatamu ta'uus ibsaniiru. Godinichichatti, Aanaa Jaardagaa Jaarteetti dhaabbii Biqiltuu Ashaaraa magariisaa bara kanaaf biqiltuwwaan adda addaa buufataalee 13 keessatti qophaa'uun kunuunfamaa jiraachuu itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa fi Lafaa Aanaa Jaardagaa Jaartee obbo Silashii Olii himaniiru.   Aanichatti buufataalee biqiltuu 46 keessatti Biqiltuuwwan Miliyoona 15 ol dhaabuuf hojjetamaa jiraachuu Obbo Silashiin ibsaniiru. Dhaabbiin biqiltuu Ashaaraa Magariisaa waggaa waggaan dhaabatuun gabbinnii fi Jiidhinsi biyyee dabaluun cinaatti madda carraa hojii fi madaala qilleensaa eeguu irratti gahee olaanaa bahachaa jiraachuus himaniiru. Waajjira Komunikeeshinii Godina Horroo Guduruu Wallaggaarraa
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 17171
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 2530
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan.   Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru.   Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru.   Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.  
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015