ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Magaalaa Maqaleetti jilli dhaabbata mootummoota gamtoomanii fi ambaasaaddaroonni biyyoota garaagaraa abbootii amantaa waliin mari’atan
Nov 17, 2026 21
Sadaasa 8/2019 (ENA)-Ergamaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi ambaasaaddaroonni biyyoota garaagaraa magaalaa abbootii amantaa Maqaleetti argaman waliin mari’ataniiru. Jilli kunneen hoggantoota bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay waliin marii erga taasisanii booda, abbootii amantaa waliin mari’ataniiru. Mariin kun haala waliigalaa naannichaa fi dhimmoota hawaasummaa garaagaraa irratti kan xiyyeeffate ture. Jilli kunneen har’aa eegalee guyyoota lamaaf magaalaa Maqaleetti daawwannaa gaggeessaa kan jiran yoo ta’u, yeroo turtii isaanii abbootii amantaa, jaarsolii biyyaa fi bakka bu’oota hawaasa siiviilii waliin akka mari’atan ibsameera. Daawwannaan kun haala waliigalaa naannichaa gama hawaasa garaagaraatiin hubachuu fi dhimmoota naannichaa keessatti argaman irratti mari’achuuf kan kaayyeffate ta’uunis ibsameera.
Godinichatti Oomisha kilaastara qamadii qonna gannaarraa callaa kuntaala miiliyoona 68 ol galchuuf hojjatamaa jira
Nov 17, 2026 42
Sadaasa 8/2019(ENA)- Godina Kibba Baha Oromiyaatti Oomisha kilaastara qamadii qonna gannaarraa callaa kuntaala miiliyoona 68 ol galchuuf hojjatamaa jiraachuu waajjirri qonnaa godinichaa beeksise. Mootummaan naannoo Oromiyaa oomishaa fi oomishtummaa qonnaa guddisuun wabii nyaataa mirkaneessuu, dinagdee biyyaa saffisiisuu fi hirkattummaa gargaartummaa irraa gara of danda'uutti ceesisuuf xiyyeeffannoo addaa kennee hojjachaa jira jedhameera. Bu'uruma kanaan Godina Kibba Baha Oromiyaa Aanaa Heexosaa Ganda Shaaqii Shararaatti omishni qamadii qonna gannaa kilaastaraan misoome makanayizeeshiniin walitti qabuun eegaleera. Ittigaafatamaa ittaanaan waajjira qonnaa godina kibba baha Oromiyaa Obbo Ibraahim Qaasoo, godinichatti lafa hektaara milioona 1.5 qamadiin facaasame keessa lafti hektaara miliyoona 1.2 kilaastaraan misoomuu himaniiru. Omisha qamadii misoomaa jirurraas callaan kuntaala miiliyeena 68 kan abdatamu ta'uu eeraniiru. Biiroo Qonna Oromiyaatti Daariktarri Misooma Midhaanii Obbo Musxafaa Huseen Sassaabbiin oomisha kilaastara qamadii bu’aalee hojii qonna gannaa keessatti argaman keessaa tokko yoo ta’uu dubbataniiru. Oomishtummaa qonnaa guddisuu,wabii nyaataa mirkaneessuu fi diinagdee qonnaan bultootaa fooyyessuun imala badhaadhinaa qabame kan milkeessudha jedhaniiru. Bulchaa Ittaanaa fi Qindeessaan Kilaastara Nageenya Obbo Abdurrazaaq Huseen Oomishaa fi oomishtummaa qonnaa guddisuun badhaadhina diinagdee mirkaneessuuf teeknooloojiiwwan qonnaa ammayyaa hojiirra oolchuun oomishaa fi oomishtummaan caalmaan akka guddituuf qindoominaan hojjatamaa jiraachuu himan. Qonnaan bultootni naannichaas qonna kilaastaratti fayyadamuun lafa jiru sirnaan fayyadamuu fi baasii oomishaa hir'isuun omishaafi oomishtummaan isaanii dachaan kan dabaleef ta'uu himan. Tajaajila komnikeeshinii godinichaarraa
Hoggantoonni ABUT seeraan alaa konkolaattota 830 ol Ertiraatti ceesisaniiru
Nov 17, 2026 50
Sadaasa 8/2019 (ENA)- Hoggantoonni ABUT seeraan alaa konkolaattota 830 ol Ertiraatti ceesisaniiru jedhan raawwachiisaan olaanaa bulchiinsaa fi tajaajila ummataa bulchiinsa yeroo naannoo Tigraayii obbo Asaffaa Abrahaa. Hoggantoonni olaanoon bulchiinsa yeroo magaalaa Maqaleetti ergamtoota dhaabbata mootummoota gamtoomanii, ambaasaaddaroota biyyoota garaagaraa fi qaamolee idil-addunyaa dhimmi ilaallatu waliin mari’ataniiru. Obbo Asaffaa Abirhaa yeroo kana, hoggantoonni ABUT seeraan alaa konkolaattota 830 ol gara Eertiraatti ceesisuun isaanii, dhaabbileen mootummaa hojii isaanii guutuu akka hin raawwanne gufuu ta’uu fi sochiin garee kanaa tasgabbii fi nageenya naannichaa irratti dhiibbaa hamaa geessisaa jiraachuu himaniiru. Kanaaf hawaasni idil-addunyaa gocha garee kanaa ifatti akka balaaleffatuu fi nageenyi waaraa naannichatti akka mirkanaa’u dhiibbaa barbaachisaa akka godhu gaafataniiru. Bulchiinsi yeroo aangoo ji’a ja’aa isaaf kenname keessatti nageenyaa fi tasgabbii mirkaneessuu, bulchiinsa mootummaa fi tajaajiloota bu’uuraa deebisuu, dinagdee naannichaa dandamachiisuu, lammiilee qe’ee isaanii irraa buqqa’an gara mana isaanii deebisuu fi qophii dhaabbilee filannoof barbaachisu xumuruu hojiiwwan dursa kennuuf ta’uu ibsaniiru. Dabalataanis, akka madaallii ji’a Hagayyaa gaggeeffameetti, naannoo Tigraay keessatti deeggarsa namoomaaf Yuuroo miliyoona 700 akka barbaachisu ibsuun, hawaasni idil-addunyaa deeggarsa namoomaa akka cimsu waamicha dhiyeessaniiru.
Godina Kibba Baha Oromiyaatti qamadii qonna gannaan misoomerraa midhaan kuntaalli miiliyoona 60 ol ni abdatama
Nov 17, 2026 51
Sadaasa 08/2019(ENA)- Godina Kibba Baha Oromiyaatti qonna gannaa baranaatiin lafa heektaara miiliyoona 1 tuqaa 4 olirratti qamadiin facaafamuu waajjirri qonnaa godinichaa beeksise. Godinni Kibbi Baha Oromiyaa haala qilleensaa mijataa fi lafa bal'aa fi gabbataa qonnaaf mijatu waan kan qabuu fi , naannolee Itiyoophiyaa oomisha qamadiitiin dursan keessaa isa tokko waan ta’eef Waggoota dhihoo asitti qonna kilaastaraa, makaanayizeeshinii fi sanyii fooyya'aa fayyadamuun oomishaa fi oomishtummaa isaa guddisuu danda'eera. Bara kana yeroo lafa hektaara miliyoona 2.6 qonna gannaan misoomsuuf karoorfame keessaa hektaarri miliyoona 1.4 qamadiin kan misoome yoo ta'u, oomishni kuntaala miliyoona 62.5 ni abdatama. Ogeeyyiin miidiyaa hojii qonnaa aanaalee Sinaanaa fi Agaarfaa keessatti hojjetamaa jiru kan daawwatan yoo ta’u, aanaa Sinaanaatti lafti heektaara kuma 8 ol kilaastara qamadiin misoomaa akka jiru dubbataniiru. Itti aanaan itti gaafatamaa Waajjira Qonnaa Godinichaa Obbo Abdulgaffaar Kamaal akka jedhanitti, bara kana hojiiwwan qonnaa keessaa dhibbeentaan 80 ol makaanayizeeshinii fi mala qonnaa fooyya'aa fayyadamuun raawwatamaa jiruuf oomishni gaariin akka argamu ni eegama. Sanyii fooyya'aa fi xaa'oo dhiyeessuun, teeknooloojii fi qonna kilaastaraa babal'isuun oomisha dachaan guddisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Daawwannaan ogeeyyii miidiyaas hojiiwwanii fi bu'aawwan misoomaa hawaasaaf beeksisuuf faayidaa guddaa akka qabu dubbataniiru. Qonnaan bultoonni Aanaa Sinaanaa Obbo Hasan Kadir fi Sheek Ahmad Ali gama isaaniin, mala qonnaa fooyya'aa fi sanyii filatamaa fayyadamuun jireenyi isaanii fooyya'aa dhufuu ibsaniiru. Qonnaan bultoota 15 waliin qanadii kilaastaraan misoomsan jiran irraa heektaara tokkorraa calla hanga kuntaala 60 argachuuf akka eegatan dubbataniiru. Ogeeyyiin miidiyaa daawwannaa isaanii itti fufuun, Paarkii Biyyaalessaa gaarren Baalee fi iddoowwan hawata turizimii biroo daawwataniiru.
Jilli dhaabbata mootummoota gamtoomanii fi ambaasaaddaroonni biyyoota garagaraa Maqalee dhaqan
Nov 17, 2026 57
Sadaasa 8/2019(ENA)- Jilli dhaabbata mootummoota gamtoomanii fi ambaasaaddaroonni biyyoota garagaraa daawwannaa hojiif Maqalee dhaquunsaanii ibsame. Yeroo jilli kun buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Aluulaa Aba Nagaa ga’u, hoggantoonni olaanoon bulchiinsa yeroo mootummaa naannoo Tigraay fi Kantiibaan magaalaa Maqalee Dr. Shishay Amaare akkasumas hoggantoonni olaanoon bulchiinsichaa biroon simataniiru. Jilli dhaabbata mootummoota gamtoomanii har’a, Sadaasa 8 irraa eegalee, guyyoota lamaaf magaalaa Maqalee keessatti daawwannaa hojii ni gaggeessu. Daawwannaa isaanii keessatti hoggantoota olaanoo bulchiinsa yeroo mootummaa naannoo Tigraay, abbootii amantaa, jaarsolii biyyaa fi bakka bu’oota hawaasa sivilii waliin akka mari’atan eegama. Dhimmoota mariin irratti gaggeeffamu keessaa gargaarsa namoomaa, namoota qe’ee isaanii irraa buqqa’an, adeemsa DDR, fi deebisanii dhaabuu, akkasumas dhimma nageenya naannichaa akka ta’an EBC’n gabaaseera.
Siyaasa

Itiyoophiyaan hariiroo michoomaa seenaa qabeessa Turkiyyee waliin qabdu damee invastimantii fi waltajjiiwwan idil-addunyaa irratti cimsuuf kutannoo qabdi
Nov 14, 2026 333
Sadaasa 4/2019 (ENA) – Itiyoophiyaan hariiroo michoomaa seenaa qabeessa Turkiyy waliin qabdu damee invastimantii fi waltajjiiwwan idil-addunyaa irratti cimsuuf kutannoo qabaachuushee Ministirri Dhimma Alaa fi Pirezidaantiin COP32 ta’uun kan filataman Dr. Geediyoon Ximootiwoos ibsan. Yaa’iin 31ffaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Jijjiirama Qilleensaa COP31 Turkiyyee, Antaaliyaa keessatti gaggeeffamaa jira. Ministirri Dhimma Alaa fi Pirezidaantiin COP32 ta’uun kan filataman Dr. Geediyoon Ximootiwoos yaa’ichaan cinaatti turtii TRT World waliin taasisaniinakka ibsanitti, hariiroon dippilomaasii seenaa qabeessaa fi cimaa Itiyoophiyaa fi Turkiyyee gidduu jiru gara tumsa dinagdee olaanaatti ce'uu akka qabu ibsaniiru. Invastaroonni damee dhuunfaa Turkii dinagdee Itiyoophiyaa guddachaa jiru keessatti hirmaannaa bal'aa akka taasisan waamicha dhiyeessaniiru. Hariiroon biyyoota lamaanii sadarkaa hoggantootaa qofa irratti kan hundaa'e osoo hin taane, walitti dhufeenya ummattoota biyyoota lamaanii irratti kan hundaa'e michooma cimaa ta'uu ibsaniiru. Dhaabbileen Turkiyyee dameewwan tajaajilaa, oomishaa fi ijaarsaan muuxannoo fi dandeettii olaanaa qaban irratti bobba'uun guddina dinagdee Itiyoophiyaa keessatti jijjiirama guddaa fiduu akka danda'an ibsaniiru. Kunis biyyoota lamaaniif faayidaa waliinii kan mirkaneessu ta'uu eeraniiru. Kana malees, Itiyoophiyaan milkaa'ina yaa’ii COP31 Turkiyyeen keessummeessituu fi gaggeessummaa marii Awustiraaliyaan gaggeessuu keessatti deeggarsa guutuu akka kennitu ibsaniiru. Tumsi biyyoota lamaanii daldalaa fi invastimantii biyyoota lamaanii qofa irratti osoo hin daangeffamiin, waltajjiiwwan dippilomaasii idil-addunyaa irrattis cimee akka itti fufu ministirichi mirkaneessaniiru.
Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa miseensota raayyaa ittisaa naannoo Tigraayitti argaman waliin mari’atan
Nov 14, 2026 287
Itaamaajoor shuumiin humnoota waraanaa walii galaa fiildi maarshaal Birhaanuu Juulaa miseensota raayyaa ittisaa naannoo Tugraayitti argaman waliin raawwii dirqama bahachuu qaxanichaa fi ergama itti aanu irratti mari’ataniiru. Mariin kun waraana marsaa afraffaa gareen seeraan alaa ABUT qolachuuf raawwii waraana taasifamee fi bu’aalee argamanirratti kan xiyyeeffatedha. Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa waltajjichaan adeemsa waraanaa bal’inaan qorachuun gamatti gootummaa fi qophaa’ummaa olaanaa raayyaan agarsiiseefdinqisiifannaasaanii ibsuun miseensota raayyaa onnachiisaniiru. Kana malees dirqama loltummaa fi ergama raayyaan fuuldura raawwatu ilaalchisuun qajeelfama dabarsaniiru.
Gareen seeraan alaa ABUT Tigraayiin Itiyoophiyaarraa adda baasuuf yaaliin taasise hin milkoofne-Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa
Nov 13, 2026 255
Sadaasa 4/2019 (ENA) - Gareen seeraan alaa ABUT Tigraayiin Itiyoophiyaarraa adda baasuuf yaaliin taasise hin milkoofne jedhan Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa. Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa abbootii amantaa, jaarsolii biyyaa, dargaggootaa fi kutaalee hawaasaa garagaraa waliin magaalaa Maqaleetti marii gaggeessaniiru. Xiyyeeffannoon marichaa naannoo Tigraayitti nageenya waaraa fiduuf waliin hojjechuun haala danda’amu uumuuf yoo ta’u, naannichatti nageenya waaraa mirkaneessuuf qindoominni akka barbaachisu ibsameera. Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa wayita kana akka jedhanitti, Tigraayi seenaa fi eenyummaa Itiyoophiyaa. Gareen seeraan alaa ABUT Tigraayiin Itiyoophiyaarraa adda baasuuf yaaliin taasise hin milkoofne, fuulduras hin milkaa’u jedhaniiru. Jiraachuun Itiyoophiyaa Tigraayirraa adda baafamee akka hin ilaalamne kaasanii, Tigraayi seenaa, hundeeffamaa fi jiraachuu keessatti qoda bakka hin bu’amne akka qabdu dubbataniiru. Gareen seeraan alaa ABUT ummata naannoo Tigraayi Itiyoophiyaarraa adda baasuuf adeemsi inni hordofe fashaluusaa eeranii, yaaliin kun gonkumaa hin milkaa’u jedhaniiru. Ummanni Tigraayi walitti hidhaminsi seenaa, eenyummaa fi walitti hidhaminsi biyyaalessaa kan hin cinne ta’uu dubbatanii, yaaliin taasifaman seenaa fi dhugaa biyyattii bakka akka hin buune ibsaniiru.
Ayyaana Sabaaootaa, Sablammootaa fi ummattootaa akka biyyaalessaatti Magaalaa Jimmaatti kabajamu milkeessuuf hunduu tamsuu qaba
Nov 13, 2026 203
Sadaasa 4/2019(ENA)-Ayyaana Sabaaootaa, Sablammootaa fi ummattootaa akka biyyaalessaatti Magaalaa Jimmaatti kabajamu milkeessuuf hunduu tamsuu akka qabu dhaamame. Godina Kibba Lixa Oromiyaatti qophii kabaja ayyaana saboota, sablammootaa fi ummattootaa 21ffaa irratti hoggantoota aanaalee fi godinaa waliin Magaalaa Jimmaatti mariyatameera. Maree kanaaf qabxiin maree ayyaana Sadaasa 29/2019 kabajamu irratti xiyyeeffates Itti gaafatamaa Ittaanaa damee Siyaasaa waajjira Paartii Badhaadhinaa Godinichaa Obbo Ashannaafii Biraanuutiin dhihaatee irratti mariyatameera. Kabaja ayyaanichaa milkeessuuf qaamoleen hawaasa godinichaa tumsa irraa eegamu bahuu akka qabaniif dudhaa keessummaa simachuu uummatni keenya qabuun hirmaattota keessummeessuu akka qabanis ibsameera. Ittigaafatamaan Damee siyaasaa Paartii Badhaadhinaa Godina Kibba Lixa Oromiyaa Obbo Mahammaad Xahaa Abbaa Fiixaa Itiyoophiyaan tokkummaa sabdaneessaa fi walooma lammiilee dimokiraasii bu'uureffate ijaaraa jirtii jedhan. Ayyaanni Saboota sablammootaafi ummattootaa kunis karaa miidhagaaf tokkummaa sabdaneessummaa agarsiiseen kabajamaa jedhan. Ayyaannichi sochii hawaas-diinagdee ummatichaa guddisuu keessatti gahee guddaa qabaachuu ibsuun, hawwattummaa invastimentii fi tuurizimii godinichaa dabaluufis shoora olaanaa qabaa jedhan. Kanaafis qaamoleen hawasaaf hoggansi sadarkaan jiru kabaja ayyaanichi karaa midhagaa fi naga qabeessa ta'een akka a kabajamuuf tumsuu qabaa jedhan. Hirmaattoota ayyaanichaa gara godinicha dhufaniifis simannaa guddummaaf jaalala uummatni Oromoo ilma namaaf qabu kan agarsiisu taasisuu qabus jedhan
Mootummaan Federaalaa hojiiwwan jijjiiramaa naannoo Tigraayitti eegale cimsuun itti fufuu qaba – Jiraattota Magaalaa Maqalee
Nov 13, 2026 218
Sadaasa 4/2019 (ENA)-Mootummaan Federaalaa hojiiwwan jijjiiramaa naannoo Tigraay keessatti jalqabe cimsuun itti fufuu akka qabu jiraattonni Magaalaa Maqalee dubbatan. Ajajaan humnoota waraanaa walii galaa Waliigalaa RDFI, Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa jiraattota Magaalaa Maqalee waliin mari'ataniiru. Maricharratti Fiildi Maarshaal Birhaanuu Juulaa gareen seeraan alaa ABUT’n garee Tsimdoo diinota biyya alaan hogganamutti makamuun biyya waraanuusaa ibsaniiru. Mariin har'a gaggeeffame kallattii nageenya ummata Tigraayi mirkaneessuuf itti hojjetamu kaa'uuf ta'uu dubbataniiru. Jiraattonni Magaalaa Maqalee gama isaaniin, waraanni haa dhaabbatu; nageenya, badhaadhinaa fi tasgabbii barbaanna jechuun ibsaniiru. Bu'uuraaleen misoomaa akka ijaaraman, dargaggootaaf carraan hojii akka uumamuu fi lammiileen nagaan ba'anii nagaan akka galan barbaaduu isaanii marii irratti kaasaniiru. Hirmaattonni mariichaa mootummaan hojjettoota mootummaa mindaa kaffaluu fi bu'uuraalee misoomaa barbadaa'an deebisee ijaaruu jalqabuun isaa dinqisiifannaa argachuu ibsaniiru. Dabalataanis, Mootummaan Federaalaa hojiiwwan jijjiiramaa naannoo Tigraay keessatti jalqabe cimsuun akka itti fufu gaafataniiru.

Hawaasummaa
Paarkiin biyyaalessaa gaarreen Baalee daawwattoota biyya keessaa fi alaa hedduminaan hawwachaa Jira
Nov 14, 2026 232
Sadaasa 5/2019(ENA)-Paarkiin Biyyaalessaa Gaarreen Baalee xiyyeeffannaa damee tuurizimiif kennameen daawwattoota biyya keessaa fi alaa hedduu hawwachaa jiraachuu hoji-gaggeessaan Paarkichaa Obbo Shaamil Kadiir ibsan. Mootummaan jijjiiramaa xiyyeeffannaa damee tuurizimiif kenneen daaw'attoonni biyya keessaafi alaa Paarkii biyyaalessaa gaarreen Baalee hedduuminaan daaw'achaa jiraachuu hoji-gaggeessaan Paarkichaa ibsaniiru. Paarkichi miidhagina uumamaa, bineensotaa fi biqiltoota adda addaatiin badhaadhaa ta'uun hawwata tuurizimii beekamaa ta'ee daawwattoota hedduu simachaa jiraachuu dubbataniiru. Paarkichi hambaa uumamaa addunyaa UNESCOtti galmaa'uun beekamtii idil-addunyaa argachuu bira darbee carraa hojii uumuu fi galii hawaasaa guddisuuf shoora olaanaa qabaachaa jiraachuus eeraniiru. Paarkichi bara 1962 kan hundeeffame yoo ta'u, gaarreen olka'iinsi isaanii meetira 4,377 ga'u, madda laggeen 44 fi qabeenya uumamaa adda addaatiin kan badhaadhe ta'uus ibsaniiru.
Sagantaan nyaata barattootaa naannoo Hararii keessatti barnootaa fi bu'aa barattootaa fooyyessuu danda'eera.
Nov 13, 2026 152
Sadaasa 04/2019 (ENA)- Sagantaan nyaata barattootaa naannoo Hararii keessatti kennamaa jiru adeemsa baruu fi barsiisuu akkasumas bu'aa barattootaa fooyyessuuf gumaacha olaanaa taasisaa jiraachuu barsiisonnii fi maatiin barattootaa ibsan. Naannichatti bara kana barattoonni kuma 40 ol sagantaa nyaata mana barumsaa irraa fayyadamaa jiru. Saganticha manneen barnootaa idileen duraa fi tokkoffaa 67 keessatti raawwatamuuf birriin miliyoona 46 ol ramadamuun ni beekama. Barsiistuun mana barumsaa sadarkaa tokkoffaa Raas Mokonnin, Zinaash Shifarraawu akka jedhanitti, duraan barattoonni mana keessatti nyaata eeggachaa waan turaniif barnootaaf yeroo isaanii irratti dhiyaachuu hin dandeenye. Erga sagantaan nyaata mana barumsaa jalqabee garuu haalli waliigalaa barattootaa fi bu'aan isaanii fooyya'uu ibsaniiru. Qpoheessituun nyaata mana barumsaa Aadde Gannat Kaasaahun gama isaaniitiin, sagantichi barattoota nyaachisuu qofa osoo hin taane, carraa hojii isaaniif uumuu ibsaniiru. Akkasumas, barattoota keessatti turtii barnootaa addaan kutuu fi yeroo barnootaatti tursiisuun hir'achuu eeraniiru. Barattuun kutaa 2ffaa Mana Barumsaa Raas Mokonnon, Helen Girmaa, sagantichi mana barumsaa keessatti nyaata argachuu fi yeroo isaa eeganii barnootaaf dhiyaachuuf akka isaan gargaaru dubbatteetti. Akkasumas, barnoota isaanii hordofanii bu'aa gaarii akka galmeessaniif gargaaraa jiraachuu ibsiteetti. Qindeessaan Sagantaa nyaata Barattootaa Biiroo Barnootaa Naannoo Hararii, Obbo Arab Aliyyi akka jedhanitti, sagantichi jijjiirama guddaa barattoota irratti fiduu bira darbee, barattoota gidduutti tokkummaa fi waliin jireenya, hawaasa keessattis wal-gargaarsaa fi wal-deeggarsa cimsaa jiraachuu eeraniiru. Dabalataanis, barattoonni yaada isaanii barnoota irratti akka xiyyeeffatan fi fedhiin isaanii barachuu akka dabalu taasisaa jira. Sagantaa nyaata barattootaa bara barnootaa 2019 eegalchiisuurratti Pirezidaantiin Naannoo Hararii Obbo Ordiin Badrii, sagantichi hirmaannaa barattootaa barnoota keessatti dabalaa jiraachuu ibsaniiru. Akkasumas, yeroo barnootaa manneen barnootaa keessatti qisaasamaa ture hambisuun bu'aa barattootaa fooyyessuuf gumaacha olaanaa akka qabu hubachiisaniiru. See less
Mootummaan Ida’amuu dandeettii raawwachiisummaa humna nageenyaa guddisuu bira darbee, bu’aa misoomaa irraa akka fayyadaman taasisaa jira – Komishinara Jeneraalaa Dammallaash Gabramikaa’el
Nov 12, 2026 278
Sadaasa 3/2019 (ENA)-Mootummaan Ida’amuu dandeettii raawwachiisummaa humna nageenyaa guddisuu bira darbee, fayyadamummaa hawaasummaa fi dinagdee isaanii mirkaneessuuf hojjechaa akka jiru Ajajaan Olaanaa Poolisii Federaalaa Itiyoophiyaa Komishinar Jeneraal Dammallaash Gabramikaa’el ibsan. Bulchiinsa Magaalaa Sandafaa Baakkee keessatti hoggantootaa fi miseensota Poolisii Federaalaa kuma 1 fi 600 ol ta’aniif lafti ijaarsa mana jireenyaa kennameera. Komishinarri Jeneraal Damallaash wayita kana akka ibsanitti, lafti mana jireenyaa kun fayyadamummaa hawaasummaa fi dinagdee miseensota poolisii guddisuu bira darbee, gahee isaan birmadummaa biyyaa fi kabaja lammiilee eeguu keessatti qaban ni cimsaa. Pirezidaantiin Yunivarsiitii Poolisii Itiyoophiyaa doktar Taammiraat Mulugeetaa gamasaaniin, dabarsiin lafa kanaa tattaaffii mootummaa naannichaa fi hoggantootaan argame ta’uu ibsanii, miseensonni poolisii kuma 1 fi 600 ol ta’an irraa fayyadamoo akka ta’an dubbataniiru. Itti Aanaan Kantiibaa Magaalaa Sandafaa Baakkee Obbo Abbii Tafarraas miseensota poolisiitiif lafa dhiyeessuu isaaniitti gammaduu ibsanii, gara fuulduraattis deeggarsa barbaachisaa ta’e akka taasisan mirkaneessaniiru.
Fayyaan waan hunda Yoo akka tasaa nama gaggabdoon qabe arginu maalgochuu qabna?
Nov 12, 2026 190
1. Sochii ykn (hurgufamuu) qaamaa humnaan dhaabuuf hin yaaliinaa. 2. Wantoota miidhuu danda'an akka sibiila, dhakaa, waan qara qaban biraa fuudhaa. 3. Uffatni morma irratti jabaatee jiru akka karabaatii ykn mi'a miidhagina mormaa fi kkf hudhuu danda’an irraa baasaa ykn itti laaffisaa. 4. Yoo danda'ame waan laafaa akka kafana dadacha'aa mataa jala kaa'aa. 5. Afaan keessa quba, fal'aana, qoricha ykn wanta biraa hin kaa'iinaa. 6. Utuu gaggabdoon hin dhaabbatiin (utuu qaamni hurgufamaa jiruu) nyaata, bishaan ykn qoricha afaaniin hin kenninaa. 7. Erga gaggabdoon ykn sochiin qaamaa dhaabbatee booda suuta cinaachaan gara bitaatti ciibsaa. 8. Amma gaggabdoon dhaabbatutti biraa hin deemiinaa. 9. Erga gaggabdoon irraa dhaabbatee ofbaruu isaa/ishee mirkaneeffadhaa, tasgabeessaa. Fayyaan Faaya Biiroo fayyaa Oromiyaa irraa
Diinagdee
Godinichatti Oomisha kilaastara qamadii qonna gannaarraa callaa kuntaala miiliyoona 68 ol galchuuf hojjatamaa jira
Nov 17, 2026 42
Sadaasa 8/2019(ENA)- Godina Kibba Baha Oromiyaatti Oomisha kilaastara qamadii qonna gannaarraa callaa kuntaala miiliyoona 68 ol galchuuf hojjatamaa jiraachuu waajjirri qonnaa godinichaa beeksise. Mootummaan naannoo Oromiyaa oomishaa fi oomishtummaa qonnaa guddisuun wabii nyaataa mirkaneessuu, dinagdee biyyaa saffisiisuu fi hirkattummaa gargaartummaa irraa gara of danda'uutti ceesisuuf xiyyeeffannoo addaa kennee hojjachaa jira jedhameera. Bu'uruma kanaan Godina Kibba Baha Oromiyaa Aanaa Heexosaa Ganda Shaaqii Shararaatti omishni qamadii qonna gannaa kilaastaraan misoome makanayizeeshiniin walitti qabuun eegaleera. Ittigaafatamaa ittaanaan waajjira qonnaa godina kibba baha Oromiyaa Obbo Ibraahim Qaasoo, godinichatti lafa hektaara milioona 1.5 qamadiin facaasame keessa lafti hektaara miliyoona 1.2 kilaastaraan misoomuu himaniiru. Omisha qamadii misoomaa jirurraas callaan kuntaala miiliyeena 68 kan abdatamu ta'uu eeraniiru. Biiroo Qonna Oromiyaatti Daariktarri Misooma Midhaanii Obbo Musxafaa Huseen Sassaabbiin oomisha kilaastara qamadii bu’aalee hojii qonna gannaa keessatti argaman keessaa tokko yoo ta’uu dubbataniiru. Oomishtummaa qonnaa guddisuu,wabii nyaataa mirkaneessuu fi diinagdee qonnaan bultootaa fooyyessuun imala badhaadhinaa qabame kan milkeessudha jedhaniiru. Bulchaa Ittaanaa fi Qindeessaan Kilaastara Nageenya Obbo Abdurrazaaq Huseen Oomishaa fi oomishtummaa qonnaa guddisuun badhaadhina diinagdee mirkaneessuuf teeknooloojiiwwan qonnaa ammayyaa hojiirra oolchuun oomishaa fi oomishtummaan caalmaan akka guddituuf qindoominaan hojjatamaa jiraachuu himan. Qonnaan bultootni naannichaas qonna kilaastaratti fayyadamuun lafa jiru sirnaan fayyadamuu fi baasii oomishaa hir'isuun omishaafi oomishtummaan isaanii dachaan kan dabaleef ta'uu himan. Tajaajila komnikeeshinii godinichaarraa
Godina Kibba Baha Oromiyaatti qamadii qonna gannaan misoomerraa midhaan kuntaalli miiliyoona 60 ol ni abdatama
Nov 17, 2026 51
Sadaasa 08/2019(ENA)- Godina Kibba Baha Oromiyaatti qonna gannaa baranaatiin lafa heektaara miiliyoona 1 tuqaa 4 olirratti qamadiin facaafamuu waajjirri qonnaa godinichaa beeksise. Godinni Kibbi Baha Oromiyaa haala qilleensaa mijataa fi lafa bal'aa fi gabbataa qonnaaf mijatu waan kan qabuu fi , naannolee Itiyoophiyaa oomisha qamadiitiin dursan keessaa isa tokko waan ta’eef Waggoota dhihoo asitti qonna kilaastaraa, makaanayizeeshinii fi sanyii fooyya'aa fayyadamuun oomishaa fi oomishtummaa isaa guddisuu danda'eera. Bara kana yeroo lafa hektaara miliyoona 2.6 qonna gannaan misoomsuuf karoorfame keessaa hektaarri miliyoona 1.4 qamadiin kan misoome yoo ta'u, oomishni kuntaala miliyoona 62.5 ni abdatama. Ogeeyyiin miidiyaa hojii qonnaa aanaalee Sinaanaa fi Agaarfaa keessatti hojjetamaa jiru kan daawwatan yoo ta’u, aanaa Sinaanaatti lafti heektaara kuma 8 ol kilaastara qamadiin misoomaa akka jiru dubbataniiru. Itti aanaan itti gaafatamaa Waajjira Qonnaa Godinichaa Obbo Abdulgaffaar Kamaal akka jedhanitti, bara kana hojiiwwan qonnaa keessaa dhibbeentaan 80 ol makaanayizeeshinii fi mala qonnaa fooyya'aa fayyadamuun raawwatamaa jiruuf oomishni gaariin akka argamu ni eegama. Sanyii fooyya'aa fi xaa'oo dhiyeessuun, teeknooloojii fi qonna kilaastaraa babal'isuun oomisha dachaan guddisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Daawwannaan ogeeyyii miidiyaas hojiiwwanii fi bu'aawwan misoomaa hawaasaaf beeksisuuf faayidaa guddaa akka qabu dubbataniiru. Qonnaan bultoonni Aanaa Sinaanaa Obbo Hasan Kadir fi Sheek Ahmad Ali gama isaaniin, mala qonnaa fooyya'aa fi sanyii filatamaa fayyadamuun jireenyi isaanii fooyya'aa dhufuu ibsaniiru. Qonnaan bultoota 15 waliin qanadii kilaastaraan misoomsan jiran irraa heektaara tokkorraa calla hanga kuntaala 60 argachuuf akka eegatan dubbataniiru. Ogeeyyiin miidiyaa daawwannaa isaanii itti fufuun, Paarkii Biyyaalessaa gaarren Baalee fi iddoowwan hawata turizimii biroo daawwataniiru.
Misooma Qamadiin of danda’uun gamatti qonnaan bulaa guddina dinagdee biyyaaf humna ta’u uumuuf hoojjetamaa jira
Nov 16, 2026 108
Sadaasa 7/2019(ENA)- Misooma Qamadiin of danda’uun gamatti qonnaan bulaa guddina dinagdee biyyaaf humna ta’u uumuuf hojjetamaa jiraachuu bulchiinsi sablammii Oromoo beeksise. Bulchiinsa sablammii Oromoo magaalaa Kamisee, ganda Mataahorootti sagantaan jalqabsiisa qamadii jallisii bonee gaggeeffameera. Bulchaan itti aanaa bulchiinsaa sablammii Oromoofi itti gaafatamaan wajeelcha nageenyaa fi tasgabbii bulchiinsichaa obbo Ahimad Huseen saganticharratti akka ibsanitti, misoomni qamadii ilaalcha “hin danda’amu” jedhu keessaa bahuun miira “ni danda’ama” jedhuun hojjetamee qonnaan bultoonni moodalaa fi adda duree ta’uun gochaan bu’aasaa agarsiisaniiru. Kana malees oomisha oomishuu bira darbee oomishaa fi oomishtummaa itti fufsiisuun, of danda’uurra darbee qonnaan bultoota guddina dinagdee biyyaaf humna ta’an uumuuf hojjetamaa jira jedhaniiru. Itti aanaan itti gaafatamaa waajjira qonnaa bulchiinsa sablammii Oromoo Obbo Mahaammad Huseen akka ibsanitti, bulchiinsa sablammii Oromoo keessatti lafti hektaarri kuma 12 ol ta’u qamadii jallisii bonaan ni facaafama. Qonna ammayyeessuuf misooma kilaastaraan gaggeeffamu babal’isuun hojiirra oolaa jiraachuu kan ibsan itti aanaa itti gaafatamaa kun, aanaalee godinichaa hunda keessatti dhiyeessiin xaa’oo fi sanyii filatamaa gahaan raawwatamuu dubbataniiru. Itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa fi Misooma Qabeenya Beeyladaa fi Qurxummii Magaalaa Kamisee Obbo Ahimad Jibriil akka jedhanitti, bulchiinsa magaalichaatti lafti hektaarri kuma 1 fi 200 qamadii jallisii bonaan ni misooma. Madda bishaanii garaagaraatti fayyadamuun oomishaa fi oomishtummaa qamadii guddisuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Qonnaan bultoonni magaalaa Kamisee ganda Mataahoroo gama isaaniin, oomishaa fi oomishtummaa guddisuun birmadummaa nyaataa mirkaneessuu fi fayyadamummaa isaanii cimsuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Akkasumas, hektaara tokko irraa oomisha kuntaala 40 ol argachuuf carraaqqii taasisaa akka jiran dubbataniiru.
Godinichatti oomishaa fi oomishtummaa fulla’insaan itti fufsiisuuf dhiheeessii fi itti fayyadama xaa’oo uumamaa fooyyessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuun ibsame
Nov 16, 2026 102
Sadaasa 7/2019(ENA)-Godina kibba bahaa Oromiyaatti oomishaa fi oomishtummaa fulla’insaan itti fufsiisuuf dhiheessii fi itti fayyadamasaa xaa’oo uumamaa fooyyessuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu waajjirri qonnaa godinichaa beeksise. Wiirtuuwwan kompoostiin itti baay’ifamu kan bifa ammayyaan gurmaa’an dhiheessii Xaa’oo uumamaa bal’isuun gamatti madda galii ta’aa dhufuunsaa himameera. Itti aanaan itti gaafatamaan waajjira qonnaa godinichaa Obbo Zalaalam Alamayyoo akka jedhanitti, godinichatti waggoota sadan darban xaa'oo uumamaa irratti hojii hojjetameen oomishaa fi oomishtummaan qonnaan bultoota dabalaa dhufeera. Godinichatti kompoostii idilee meetira kiyuubii miliyoona 22 fi xaa'oo uumamaa kuntaala miliyoona 1 Tuqaa 7 qopheessuuf hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Itti gaafatamaan Waajjira Qonnaa fi Lafaa Aanaa Goobaa Obbo Abbabaa Geetaachoo gama isaaniin, aanichatti kompoostii idilee meetira kiyuubii kuma 458 fi 500 akkasumas vermi kompoostii kuntaala kuma 45 fi 700 qopheessuuf karoorfamee, hanga ammaatti raawwiin isaa dhibbeentaa 70 irra ga'uu ibsaniiru. Giddugaleessonni oomisha kompoostii sadii aanichatti ijaaramanis dargaggootaa fi dubartoota 60 ol ta'aniif carraa hojii uumaniiru. Giddugaleessichatti carraa hojii kan argatan Aadde Alamtsahaay Girmaa, dubartoota 15 waliin gurmaa'uun waggoota lamaaf damee kana irratti hojjechaa akka jiran ibsaniiru. Gurgurtaa xaa'oo uumamaa irraa birrii kuma 100 ol baankii keessatti qusachuu isaanii dubbataniiru. Qonnaan bulaan Adunyaa Kabbadaa gama isaaniin, beekumsa giddugaleessota kompoostii naannoo isaanii irraa argatanitti dabalataan vermi kompoostii ofii isaaniitiin oomishuun oomishaa fi oomishtummaa isaanii guddisuu danda'uu dubbataniiru. Dandeettii oomisha kompoostii irratti argatanis qonnaan bultoota naannoo isaanii biroof qoodaa jiraachuu ibsaniiru.
Saayinsii fi teeknooloojii
Sirni eebbaa wiirtuu ga’oomaa miidiyaan Itiyoophiyaa gaggeeffamaa jira
Nov 5, 2026 704
Onkoloolessa 26/2019 (ENA)- Sirni eebbaa wiirtuu ga’oomaa miidiyaa Itiyoophiyaa abbaan taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa ijaarsise gaggeeffamaa jira Daarektar jeneraaliin tajaajila odeeffannoo fi nageenyaa biyyaalessaa fi walitti qabaan boordii abbaa taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa ambaasaaddar Reedwaan Huseen, miseensonni mana maree bakka bu’oota ummataa, hoggantoonni miidiyaalee garagaraa fi keessummoonni afeeraman sirna eebbaa kanarratti argamaniiru. Wiirtuun kun dandeettii gaazexeessummaa fi dame miidiyaalee gabbisuuf kan akeekame yoo ta’u, bekumsa, ogummaa fi sadarkaa naamusa gaazexessitootaa fi hoggantoota miidiyaalee fooyyessuun kaayyoowwan hundeeffameef keessaayyu. Damee kana qorannoo fi leenjiin deeggaruun akkasumas leenjiiwwan itti fayyadama teeknooloojii miidiyaa guddisan leenjisuun kaayyoo wiirtuu kanaati. Keessummoonni sagantaa kanarratti hirmaatan wiirtuu kana irra deemanii daawwataniiru.
Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob magaalaa Maqaleetti eegalamuufi
Nov 2, 2026 965
Onkoloolessa 23/2019 (ENA) -Naannoo Tigraayi magaalaa Maqaleetti tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob eegalchiisuuf qophiin eegalamuu hojii raawwachiisaan olaanaa tajaajila Masoob Yoonaas Alamaayyoo ibsan. Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob teeknoooloojii man-dhaleetti gargaaramuun tajaajiloota dhaabbilee moorummaa gaaddisa tokko jalatti walitti fiduun ummataaf kan dhiheessu ta’uu obbo Yoonaas Alamaayyoo dubbataniiru. Guutuu biyyaatti tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob 114 gahuusaa eeranii, lammiileen miil. 2 tuqaa 7 caalan tajaajila kanatti fayyadamaa akka jiran dubbataniiru. Tajaajilli kun magaalaa Maqaleettis hatattamaan akka eegalamu ni hjjetama jedhaniiru. Tajaajiloota dhaabbileen mootummaa kennan bakka tokkotti fiduun ammayyeessuudhaan hojmaata badaa hir’isuu fi itti quufinsa maamiltootaa guddisuuf wiirtuun kun gumaacha guddaa akka qabu kantiibaan bulchiinsa magaalaa Maqalee Dr. Shiishaayi Amaaree ibsaniiru. Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Maqalee Dr. Shiishaayi Amaaree Onkoloolessa 17 bara 2019 irraa eegalee obbo Simi’oon Tasfaamaariyam hogganaa tajaajila wiirtuu tokkoo magaalaa Maqalee akka ta’an muuduunsaanii ni yaadatama.
Bulchiinsa magaalaa Adaamaatti tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob babal’isuuf xuyyeeffatameera
Nov 1, 2026 737
Onkoloolessa 22/2019 (ENA)- Bulchiinsa magaalaa Adaamaatti tajaajila dijitaalaa wiirtuu tokkoo Masoob babal’isuuf xuyyeeffatamuu tajaajilli wiirtuu tokkoo magaalichaa beeksise. Bulchiinsa magaalaa Adaamaatti hawaasni bakka jirurraa karaa intarneetii tajaajila akka argatu kan gargaaru tajaajila wiirtuu tokkoo dijitaalaa Masoob babal’isuuf xiyyeeffatamee hojjetamaa jiraachuu qindeessaan tajaajila wiirtuu tokkoo magaalichaa obbo Makuraa Dinquu ibsaniiru. Yeroo ammaa magaalattii fi kutaalee magaalaa sadii keessatti wiirtuulee tajaajila Mesob banaman keessatti kanneen akka lafa, hayyama ogummaa, galii fi baankii dabalatee tajaajiloonni 138 teeknooloojii ammayyaatiin kennamaa akka jiran kaasaniiru. Kurmaana jalqabaa bara baajataa kanatti, tajaajila hayyama daldalaa (E-TRADE) qofaan maamiltoonni kuma 37 karaa intarneetii bakka jiranitti tajaajila argachuusaanii kaasaniiru. Tajaajilicha kutaalee magaalaa hunda keessatti qaqqabamaa taasisuuf gamoowwan ijaaramaa kan jiran yoo ta’u, hanga walakkaa lammaffaa bara baajataatti tajaajiloota hunda karaa intarneetii kennuu fi tajaajila bakkaa bakkatti deemuun kennamu jalqabuuf hojjetamaa jira jedhaniiru. Hawaasni magaalattii ENA’f yaada kennan wiirtuun Masoob tajaajiloonni wiirtuu tokkotti kennaman deddeebii, yeroo qisaasamuu fi malaammaltummaa hir’isuu isaa ibsaniiru. Obbo Gadiyoon Maaree hayyama babal’ina invastimantii gaafachuuf gara wiirtichaa dhufuu isaanii ibsanii, kanaan dura tajaajila mootummaa argachuuf waajjira irraa gara waajjiraatti deddeebi’uun yeroo dheeraa akka fudhatu, amma garuu tajaajila saffisaa fi bu’a qabeessa argachaa akka jiran dubbataniiru. Aadde Tasfuu Birruu gama isaaniitiin, dhimma taatee bu’uraa isaanii daqiiqaa muraasa keessatti xumuruun bahuu isaanii ibsanii, saffisa fi tajaajila rakkoo deddeebii irraa bilisa ta’e argachuu isaaniitti gammaduu isaanii ibsaniiru. Maamiltoonni tajaajilichi saffisa hojii, iftoomina, itti gaafatamummaa fi bulchiinsa gaarii cimsuuf murteessaa ta’uu ibsuun, cimee akka itti fufu gaafataniiru.
Itoophiyaan yakkoota daangaa ce'an ittisuuf teeknoolojii qunnamtii Imaltoota Idil-Addunyaa hojiirra oolchuufi
Oct 31, 2026 825
Onkoloolessa 21/2019 (ENA) Itoophiyaan yakkoota daangaa ce'an ittisuuf yakkamtoota dabarsanii kennuuf teeknoolojii walqunnamtii imaltoota idil-addunyaa hojiirra oolchuuf ta'uu Ajajaan Waliigalaa Poolisii Federaalaa Itoophiyaa Komishinar Jeneraal Damallaash Gabramikaa’el ibsan. Sirni teeknoolojii walqunnamtii imaltoota idil-addunyaa Interpooliin hojjetame kun, shororkeessummaa fi yakkoota daangaa ce'anii raawwatanii kan dhokatan yakkamtoota seera hordofuun biyyoota miseensaatiif dabarsanii kennuuf kan dandeessisudha. Ajajaan Waliigalaa Poolisii Federaalaa Itoophiyaa Komishinar Jeneraal Damallaash Gabramikaa’el ENA'f akka ibsanitti; yakkoonni idil-addunyaa teeknoolojiidhaan deeggaruun hordofuun seeratti dhiheesuun murteessaa ta’uu ibsaniiru. Yakkoota idil-addunyaa xaxamaa ta'an kana to'achuufi yakkamtoota to'annoo jala oolchuuf dandeettii teeknoolojii yericha waliin deemu ijaaruun barbaachisaadha jedhaniiru. Teeknoolojiin kun qaamolee shororkeessummaadhaan yookaan yakka daangaa ce'u birootiin barbaadaman biyya kamiyyuu keessatti salphaatti to'achuuf ni dandeessisa jedhaniiru. Poolisiin Federaalaa Itoophiyaa yakkamtoota bakka jiranitti qabuuf Imigireeshiinii fi Daandii Qilleensaa waliin qindoomina deemu irratti hojjechaa akka jiru ibsaniiru. Teeknoolojiin kun yakkaamaan bakka kamittuu dhokachuu akka hin dandeenye kan taasisu ta'uu ibsuun; hojiirra oolchuuf adeemsa irra jira jedhaniiru.
Ispoortii
Yaadannoo Miila milkii, seenaa fiigicha dheeraa jijjiiran
Nov 16, 2026 237
Seenaa abbaa fiigicha dheeraa Waamii Birraatuu Seenaa fiigicha dheeraa Itiyoophiyaa addunyaarratti beeksise ilaalchifnee barreeffama Kanaan duratiin seenaa gooticha olompiikii Shaambal Abbabaa Biqilaa dhiheessuun keenya niyaadatama. Barreeffama Kanaan ammoo, seenaa fiigicha dheeraa Abbabaa Biqilaa waliin walitti hidhata qabu seenaa atileetii beekamaa tokko isin biraan geenya. Seenaa Atileet Waamii Birraatuu. Dhaloota Atileet Waamii Birraatuu atileetii beekamaa Itiyoophiyaa keessaa tokko yoo ta'u, seenaa atileetiksii Itiyoophiyaa keessatti gahee guddaa kan qabu atileetii fiigicha dheeraa ture. Shaambal Baashaa Waamii Birraatuu bara 1917tti godina Oromiyaa Sululta, Itiyoophiyaa keessatti dhalate. Ijoollummaa isaatti bineensota kanneen akka Kuruphee ari’ee qabachaa guddachuun isaa fiigichan addunyaarratti beekamtii akka argatu karaa baneeraaf. Atileetii gameessi fi abbaan atileetiksii Itiyoophiyaa Shaambal Baashaa Waamii Birraatuu bara 1945 (A.L.I.) keessa (akka lakkoofsa Awurooppaatti bara 1952/1953) Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa keessatti loltuu ta'uun qacarame gara Finfinnee dhufe. Seenaan Ispoortii biyya keessa darbee amma idil-addunyaatti qaari’e kan eegale kana booda ture. Seenaa ispoortii Raayyaa ittisa biyyaa erga seenee boodas, shaakala fiigichaa ijoollummaadhaan kuruphee ari’ee qabuudhaan eegale cimsee itti fufuun dorgommiiwwan atileetiksii biyya keessaa fi idil-addunyaa irratti hirmaachuun maqaa biyya isaa waamsiseera. Seenaa bara fiigicha isaa keessatti atileetota fiigicha fageenyaatiin dursa qaban keessaa tokko ture. dorgommiiwwan biyya keessaatiin milkaa'ina guddaa galmeesseera. Ababaa Biqilaa wajjin michuu fi shaakala Ispoortii fiigichaatiin seenaa wal fakkaataa qabu ture. Dorgommiiwwan irratti hirmaatan irratti yeroo tokko tokko Ababaa Biqilaa injifachaa akka ture odeeffannoowwan ni mul’isu. Dorgommii Olompikii Room bara 1960 Waamii Birraatuun garee Itiyoophiyaa bakka bu'ee Olompikii Roomaa bara 1960 irratti hirmaachuuf filatamee ture. Haa ta'u malee, dorgommii kun gaggeeffamuuf guyyoonni saddet wayita hafan dhukkubsatee dorgommii Olompikii sana irratti hirmaachuu hin dandeenye. Bakka isaa Ababaa Biqilaan dorgommucharratti hirmaatee, maaraatoonii Olompikii Roomaa miila duwwaa fiiguun injifatee seenaa addunyaarratti har’allee ittiin waamamu galmeesse. Waamii Birraatuun Abbabaa Biqilaa dabalatee atileetota beekamoo kanneen akka Maamoo Waldee, Dammisee Waldee waliin shaakala fiigichaa irratti hariiroo cimaa qaba ture. Akkasumas atileetota dargaggoota leenjisuu fi iddoowwan shaakala fiigichaa babal'isuurratti gahee akka qabullee seenaa ispoortii keessatti iddoo guddaa akka qabu odeeffannoowwan ni eeru. Shaambal Baashaa Waamii Birraatuun bara dorgommii isaatti Meedaaliyaa warqee 30, Meedaaliyaa meetii 40, Meedaaliyaa naasii 10 akka argate odeeffannoowwan garagaraa ni mul’isu. Atileet shaambal Baashaa Waamii Birraatuu Yeroo ammaa umuriinsaa wagga 109 yoo ta’u, har’allee Ispoortiin ala jiraachuu akka hin dandeenye dubbata. Atileet shaambal Baashaa Waamii Birraatuu jaalala ispoortiif qabu, ''Ispoortiirra du'a qofatu adda na baasa'' jechuun BBC oduu Afaan Oromootti himeera. Waamii Birraatuun abbaa seenaa fiigicha fageenyaa Itiyoophiyaa keessaa tokko jedhamee yaadatama. Kanaaf “World Athletics” bara 2021 irratti seenaa isaa mata-duree “Wami Biratu, the grandfather of Ethiopian distance running” jedhuun dhiheesseera. Bahaasa garagaraa Atileetiin beekamaan fi abbaan fiigicha fageenya dheeraa Itioophiyaa, Shaambal Baashaa Waamii Birraatuu, bara dorgommii isaa keessatti meedaaliyaawwan fi badhaasota adda addaa hedduu injifateera. Bara 1950ootaa fi 1960oota keessa biyya keessaa fi idil-addunyaatti dorgomuun seenaa guddaa galmeesseera. Meedaaliyaawwan Fiigichaa Waamii Birraatuun dorgommiiwwan fageenya gabaabaa fi dheeraa (meetira 1500 irraa eegalee hanga maaraatoonii fi qaxxaamura biyyaatti) irratti hirmaachuun meedaaliyaawwan hedduu argateera. Meedaaliyaawwan Waligalaa Akka odeeffannoon seenaa isaa agarsiisutti, Shaambal Baashaa Waamii Birraatuun bara dorgommii isaa keessatti dorgommiiwwan biyya keessaa fi biyya alaatti dorgomeen meedaaliyaa warqee 30 , meetii 40, fi naasaa 10 walumaa gala meedaaliyaa 80 injifateera. Dorgommiiwwan raayyaa ittisa biyyaa fi shaampiyoonaa biyyaalessaa irratti irra deddeebiin injifachuun waancaa fi badhaasota adda addaa mootii yeroo sanaa Hayila Sillaasee harkaa fudhateera. Badhaasota Kabajaa fi Beekamtii Akka odeeffannoon World Athletics ibsutti Shaambal Baashaa Waamii Birraatuun gumaacha atileetiksii Itiyoophiyaa bu'uuressuu fi dhaloota akka Abbabaa Biqilaa leenjisuu keessatti qabuun akka "Akaakayyuu Fiigicha Fageenya Dheeraa Itoophiyaa"tti kabaja olaanaa qaba. Bara 2004tti Golambaa Biyyaalessaa Itiyoophiyaa keessatti seenaa fi meedaaliyaawwan isaa kan agarsiisu agarsiisni addaa qophaa'eefii kabajameera. Bara 2021tti injifannoo Maaraatoonii Osaakaa waggaa 60ffaa sababeeffachuun Masaraa Biyyaalessaa Itiyoophiyaatti kabajaa fi badhaasni beekamtii kennameeraaf. Xumura Mata duree yaadannoo Miila milkii, seenaa fiigicha dheeraa jijjiiran jedhu jalatti kan isiniif dhiheessine seenaa Shaambal Baashaa Waamii Birraatuu irraa dhaloonni waan guddaa barata jenneetu amanna. Kan jalqabaa namni kamiyyuu kennaa keessasaa jiru beekuun kan jalqabaati. Namni kennaa keessasaa jiru beeke ammoo of qopheesee gufuun kamiyyuu yoo isa mudate galma kaawwate bira gahuuf cichee hojjechuu qaba. Shaambal Baashaa Waamii Birraatuun Olompiikii Roomaa bara 1960 irratti hirmaachuuf filatamee turban tokko yoo hafu dhukkubsatee hirmaachuu dadhabus osoo abdii hin kutatiin cimee hojjechuun dorgommiiwwan itti aanan kan biyya keessaas ta’e kan idil addunyaarratti hirmaachuun injifannoowwan garagaraa galmeessiseera. Atileetiin gameessi kun har’allee umurii wagga 109tti ispoortiirraa gargar hin baane. Ispoortiirraa waanti adda na baasu du’a qofa jechuunsaa kaayyoo ganamaaf cichoomina qabu kan agarsiisudha. Namni kamiyyuu kennaasaa haa baru, kaayyoo fi galma haa qabaatu, galmasaa bira gahuuf haa cichu jenna.
Yaadama mootummaa Ida’amuu keessatti ispoortiin meeshaa guddaa guddina dinagdee biyyaaf gumaachuudha – Doktar Akliiluu Taaddasaa
Nov 14, 2026 261
Sadaasa 5/2019 (ENA)-Yaada mootummaa Ida’amuu keessatti ispoortiin meeshaa guddaa dinagdee biyya tokkoo guddisuu danda’u ta’uu ministirri dargaggootaa fi Ispoortii Doktar Akliiluu Taaddasaan ibsan. Ministirichi milkaa’inni dorgommii Olompikii Dargaggootaa Daakaar irratti galmaa’e milkaa’ina injifannoo Itiyoophiyaan yeroo hunda galmeessisaa turte ta’uu ibsaniiru. Atileetonni Itiyoophiyaa dorgommii Olompikii Dargaggootaa Daakaar irratti carraaqqii cimaa taasisuun bu’aa galmeessisan duuba wanti guddaan mul’atu obsaa fi hafuurri injifannoo ta’uu Ministirichi dubbataniiru. Hafuurri obsaa fi injifannoo duuba meedaaliyaa warqee jiru kun dameewwan hojii hundatti akka dagaaguuf mootummaan xiyyeeffannoo addaa kennee akka hojjetu ibsaniiru. Itiyoophiyaan damee ispoortii keessattis biyya injifattuu ta’uu seenaa atileetota durii ragaa godhachuun, dhaloota atileetota haaraa irratti hojjechuun bu’aa fi seenaa atileetota duraanii itti fufsiisuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru. Kanaafis mootummaan baay’ina atileetota dargaggootaa guddisuu fi akadamiileen itti gaafatamummaa isaanii akka bahan irratti hojjechuu akka itti fufu ibsaniiru. Kana malees, iddoowwan shaakala ispoortii atileetota oomishan babal’isuu, waldaalee ispoortii cimsuu fi iftoomina hojii akka mirkanaa’u ni hojjetama jedhaniiru. Ministirichi yaadama mootummaa Ida’amuu keessatti ispoortiin meeshaa guddaa guddina dinagdee biyyaaf gumaachuudha jedhamee akka amanu ibsuun, fayyadamummaa dargaggootaa mirkaneessuuf mootummaan cimee akka hojjetu dubbataniiru. Pirezidaantiin Koree Olompikii Itiyoophiyaa Doktar Ashebir Waldaqgiyoorgis, injifannoon galmaa’e abdii haaraa fi milkaa’ina haaraa kan uume ta’uu ibsuun, ummata Itiyoophiyaa yeroo warqee ispoortii isaa waliin deebisee walitti hidhuuf boqonnaa guddaa ta’uu dubbataniiru. Itoophiyaan dorgommii Daakaar irratti hirmaatteen atileetiksii keessatti meedaaliyaa warqee 5 fi meetii 3, waliigala meedaaliyaa 8 argachuun addunyaa irratti sadarkaa tokkoffaa qabattee xumuruu dandeesseetti.
Jilli Atileetiksii Itiyoophiyaa Olompikii Dargaggootaa Addunyaarratti hirmaachuun injifannoo galmeesse Finfinnee gale
Nov 14, 2026 130
Sadaasa 5/2019 (ENA) – Jilli Atileetiksii Itiyoophiyaa Olompikii Dargaggootaa Addunyaa 4ffaa Seeneegaal Daakaartitti qophaa'erratti hirmaachuun injifannoo olaanaa galmeesse Finfinnee galeera. Jilichi wayita buufata Xiyyaaraa Idila Addunyaa Boolee gahu simannaan kabajaa taasifameefira. Jilichi Meedaaliyaa Warqee 5 fi Meetii 3 galmeessuun mirgaan galeera. Kanaanis damee Atileetiksiin Addunyaarraa sadarkaa1ffaa fi waliigalaan ammoo sadarkaa 8ffaa qabachuun xumureera. Waliigala Olompikichaan biyyoonni 88 gabatee meedaaliyaa keessa galaniiru.
Itiyoophiyaan dorgommii Olompiikii dargaggootaa Daakaar 2026’n tokkoffaa bahuun xumuruunshee qabxii seena qabeessa nama boonsudha-Kantiibaa Adaanech Abeebee
Nov 12, 2026 240
Sadaasa 3/2019(ENA)- Itiyoophiyaan dorgommii Olompiikii dargaggootaa Daakaar 2026’n atileetiksiin warqee 5 fi meetii 3 walumaa gala meedaaliyaa 8 argachuun tokkoffaa bahuun xumuruunshee qabxii seena qabeessa nama boonsu ta’uu Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee ibsan. Kantiibaa Adaanech fuula miidiyaa hawaasaa isaaniin ergaa barreessaniin, atileetonni, leenjistoonnii keenya fi maatiin ispoortii qabxii kana argattan baga gammaddan jdhaniiru. Injifannoowwan har’aa Itiyoophiyaa guddittii boruuf bu’ura ta’uusaanii dubbataniiru.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Itiyoophiyaan bu’aalee jijjiirama qilleensaaf deebii kennuun galmeessiste waltajjii idil-addunyaatti dhiheessite
Nov 17, 2026 61
Sadaasa 8/2019 (ENA)- Itiyoophiyaan Turkiyyee Antaaliyaatti yaa'ii 31ffaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii jijjiirama qilleensaa (COP31) irratti gaggeeffamaa jiru irratti, waggaa darbe keessatti dinagdee gadi-lakkisa kaarboonii xiqqqaa fi jijjiirama qilleensaaf dandamachuu danda'u ijaaruun gama galmeessisteen bu'aalee qabatamaa argattee fi kallattiiwwan xiyyeeffannoo gara fuula duraa ifoomsiteetti. Paviloonii Itiyoophiyaa COP31 Ministeera Tarsiimoo Biyyaalessaatiin mata-duree “Beleem irraa hanga Antaaliyaatti, dinagdee gadi-lakkisa kaarboonii fi jijjiirama qilleensaaf dandamatu ijaaruun imala Itiyoophiyaa” jedhuun waltajjiin gamaaggamaa olaanaa gaggeeffamerratti bakka bu'oonni mootummaa Itiyoophiyaa fi michoonni misoomaa argamaniiru. Waltajjii gamaaggamaa Paviloonii Itiyoophiyaa keessatti gaggeeffame irratti, bara 2018 qofa biqiltoonni biiliyoona 8.2 ol dhaabamuu fi erga sagantaan Ashaaraa Magariisaa jalqabamee kaasee lakkoofsi biqiltoota dhaabamanii biiliyoona 56 ol ga'uun ibsameera. Dabalataanis, lakkoofsi konkolaattota elektirikii Itiyoophiyaa keessatti argamanii kuma 144 fi 429 ga'uun eerameera. Gama fooyya'insa imaammataa fi dhaabbilee irraa, labsii gabaa kaarboonii raggaasifamuu, sirni galmee kaarboonii biyyaalessaa qophaa'uu, wiirtuun odeeffannoo jijjiirama qilleensaa hundeeffamuu, akkasumas sirni hordoffii, gabaasaa fi mirkaneessaa walitti hidhame diriirfamuu isaanii akka bu'aawwan ijoo galmaa'anitti eeramaniiru. Itiyoophiyaan yaa'iin COP32 bara 2027 Finfinneetti keessummeessitu milkaa'inaan gaggeessuuf sadarkaa biyyaalessaa, ardii fi idil-addunyaatti qophii taasisaa akka jirtu ibsameera. Kana malees, michoonni misoomaa, dhaabbileen idil-addunyaa fi dameen dhuunfaa faayinaansii jijjiirama qilleensaa, dabarsa teeknooloojii fi ijaarsa dandeettii dhaabbilee irratti deeggarsa isaanii akka cimsan waamichi dhihaateera. Waltajjicharratti bakka bu'oonni Biriiteen, Jarmanii fi Gaanaa, akkasumas bakka bu'oonni olaanoon sagantaa misooma dhaabbata mootummoota gamtoomanii fi NDCP irratti hirmaatan, Itiyoophiyaan anniisaa haaromfamuu danda'u, nyaataa of danda'uu fi misooma magariisaa magaalotaa irratti tarkaanfii qabatamaa fudhachaa jirtu dinqisiifataniiru. Odeeffannoon ministeera tarsiimoo biyyaalessaa irraa argame akka agarsiisutti, Itiyoophiyaan Antaaliyaa irraa gara Finfinneetti imala itti fuftu keessatti waadaa jijjiirama qilleensaa galte gara bu'aa qabatamaatti jijjiiruun, Afrikaa fi addunyaarratti dandamannaa jijjiirama qilleensaa ijaaruu keessatti kutannoo qabdu mirkaneessiteetti.
Itiyoophiyaa fi Faransaayi dhimmoota COP32 irratti waliin ni hojjetu
Nov 13, 2026 241
Sadaasa 4/2019 (ENA)- Itiyoophiyaa fi Faransaayi dhimmoota COP32 irratti waliin akka hojjetan ibsan. Yaa’iin jijjiirama haala qilleensaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii 31ffaan Turkiyyee, Antaaliyaatti gaggeeffamaa jira. Ministirri maallaqaa fi mari’attuun muummee COP32 Dr. Fitsum Asaffaa yaa’ichaan cinaatti hojii raawwachiisaa ejensii misooma Faransaayi Kiriistoof Lekurtiyer waliin mari’ataniiru. Mariin isaanii Faransaayi tumsa Itiyoophiyaa waliin qabdu caalaatti cimsuu fi dhimmoota COP32 irratti itti fufiinsaan hojjechuurratti kan xiyyeeffatedha.
Lammiin Itiyoophiyaa hundi qophiin COP32’f taasifamu bu’a qabeessa akka ta’u itti gaafatamasaa bahu qaba
Nov 13, 2026 186
Sadaasa 4/2019 (ENA)- Lammiin Itiyoophiyaa hundi qophiin COP32’f taasifamu bu’a qabeessa akka ta’u itti gaafatamasaa bahu qaba jedhan itti gaafatamtuun sakireetaariyaatii pireesii waajjira ministira muummee Billanee Siyyum ibsan. Itiyoophiyaanonni biyya keessummaa simannu ta’uu keenya yaa’ii Kanaan agarsiisuu qabna jedhaniiru. Yaa’iin jijjiirama haala qilleensaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii 31ffaan Turkiyyee, Antaaliyaatti gaggeeffamaa jira. Itti gaafatamtuun sakireetaariyaatii pireesii waajjira ministira muummee Billanee Siyyum ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad COP31 irratti hojiiwwan gurguddoo raawwatan akkasumas haal duree biyyattiin COP32 qopheessuuf gochaa jirtuu fi maqaa gaarii biyyaalessaa haala Kanaan hojjetamu ilaalchisuun ibsa kennaniiru. Biilalnee Siyuum akka ibsanitti, hirmaannaan Itiyoophiyaa COP31 irratti taasiftu paaviliyoonii qofa irratti kan daangeffame osoo hin taane, marii fi marii jijjiirama qilleensaa irrattis dammaqinaan hirmaachaa jirti. Itiyoophiyaan gama jijjiirama qilleensaatiin dargaggoota beekumsa teeknikaa fi ogummaa gahaa qaban marii irratti hirmaatan horachaa akka jirtus ibsaniiru. Itiyoophiyaan COP32 kan keessummeessitu yoo ta’u biyyoota Afrikaatiin deeggaramtee filatamuu ishee kan yaadachiisan Billalneen, ajandaa biyyaalessaa qofa osoo hin taane, ajandaa ardichaa gara fuulduraatti dhiyeessuun mariiwwan irratti hirmaachuu akka itti fuftu dubbataniiru. Qophii COP 32’f koreen biyyaalessaa ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin durfamu hundaa'uu fi wantoota dhiyaachuu qaban akkasumas qophii barbaachisu irratti gamaaggamni taasifamaa akka jiru ibsaniiru. Yaa’iin kun keessummoota hanga kuma 80tti tilmaamaman kan keessummeessu waan ta'eef, dandeettii hoteelotaa, geejjibaa fi tajaajiloota biroo guddisuun akka barbaachisu hubachiisaniiru. Yaa’iin idil-addunyaa guddaan kun itti gaafatamummaa mootummaa qofa osoo hin taane, itti gaafatamummaa ummata Finfinnee fi ummata Itiyoophiyaa hundaati jedhaniiru. Simannaa keessummootaa gochaan agarsiisuuf, qaamoleen damee turizimii fi tajaajilaa keessatti bobba'an dandeettii gahaa akka horatan qophiin bal'aan taasifamaa jiraachuu ibsaniiru. Adeemsi kun keessummoota simachuu qofa osoo hin taane, biyya ittiin ijaarru, dhaabbilee ittiin cimsinu, akkasumas oomishtoonni biyya keessaa carraa guddaa ittiin argatan ta'uu isaa ibsaniiru. Kanaafuu, ji'oota dhufan keessatti mootummaan qophii saffisaa yeroo taasisaa jiru, ummanni hundi itti gaafatamummaa waliinii isaa akka bahatu waamicha dhiyeessaniiru.
Dr. Fitsum Asaffaa itti gaafatama olaanaa sagantaa misooma mootummoota gamtoomanii Aleksaandar De Kiruu waliin mari’atan
Nov 13, 2026 187
Sadaasa 4/2019 (ENA)- Ministirri maallaqaa fi mari’attuun muummee COP32 Dr. Fitsum Asaffaa itti gaafatama olaanaa sagantaa misooma mootummoota gamtoomanii (UNDP) Aleksaandar De Kiruu waliin marii gamlamee bu’a qabeessa ta’e tasisaniiru. Yaa’ii COP31 Antaaliyaatti gaggeeffamu cinaatti marii taasifameen tumsa haala qilleensaa fi hojiilee misoomaa fulla’aa ilaalchisuun tumsa isaanii cimsuu haala dandeessisurratti mari’ataniiru. Keessumaa, Itiyoophiyaa fi UNDP’n dameewwan faayinaansii jijjiirama qilleensaa, invastimantii fi dandeettii jijjiirama qilleensaa dandamachuu guddisuu irratti hariiroo yeroo dheeraa qaban caalaatti cimsanii itti fufuuf carraawwan jiran irratti yaada wal jijjiiraniiru.
Gabaasa addaa
Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti - Itti aanaa Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa
Jun 9, 2026 24749
Waxabajji 2 /2018 (ENA): Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti jedhani itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan muummee ministiraa Pirojektoota misoomaa adda addaa magaalaa Woldiyaatti ijaaraman eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Yeroo eebba kanaatti pirojektoonni misoomaa eebbifaman imala biyyattiin gara fuulduraatti taasiftu kan agarsiisan yoo ta’u, guddinni Itiyoophiyaa eenyullee dhaabuu akka hin dandeenye kuni ragaadha jedhan. Itti aanaan ministira muummee kun ummanni magaalaa Woldiyaa finxaaleyyii fi qoqqoodinsa mormuudhaan kan beekamu ta’uu ibsuun, filannoon isaanii irra deddeebiin nagaa fi mootummaa cimaa ta’uu isaa kan argisiisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan baandota irratti qabsaa’aa jira jedhani. Waggoota 50 fi 60 darbaniif warri yaada dulloomaatiin qabaman guddina ariifataa biyyattii hubachuu akka hin dandeenyes ibsaniiru. Warri bosona keessa jiran jijjiirama guddaa biyyatti dhufe kan akka misooma koridarii, maaddii guutuu, pirojektoota misoomaa fi oomisha qamadii arguu akka hin dandeenye dubbataniiru. Misoomni koridarii magaalota keessatti gaggeeffamaa jiru dhimma bareedinaa qofa osoo hin taane magaalota ammayyeessuun sadarkaa jireenyaa ummataa ol kaasuuf kaayyoo ta’uu ibsaniiru. Magaalonni Itiyoophiyaa magaalota Baha Afriikaa fi addunyaa waliin dorgomuu akka qaban ibsaniiru; akkasumas tajaajila ammayyeessuuf tajaajilli giddugala tokkoo guutuu biyyattiitti babal’achaa akka jiru hubachiisaniiru. Manneen kitaabaa ummataa, manneen kitaabaa dijitaalaa fi kaffeewwan saayinsii magaalaa Woldiyaatti ijaaraman odeeffannoo guyyaa guyyaa irraa gara beekumsaa fi qorannoo gadi fagootti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan, abbootii qabeenyaa fi ummanni pirojektoota misoomaa eegalaman gara baadiyyaatti babal’isuun badhaadhina biyyattii dhugoomsuuf waliin hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 20584
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.