Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Olka'iinsa Itiyoophiyaa mirkaneessuuf ulaan galaanaa murteessaadha -Hoggantoota Paartii Siyaasaa
Jan 11, 2026 21
Amajji 3/2018(ENA)- Olka'iinsa Itiyoophiyaa mirkaneessuuf ulaan galaanaa murteessaa ta’uu hoggantoonni Paartiilee Siyaasaa adda addaa ibsani. Abbummaan ulaa galaanaa karoora tarsiimoo yeroo dheeraa, dantaa dhalootaa, biyyaalessaa fi badhaadhina Itiyoophiyaa mirkaneessuuf kan kaayyeffate ta’uus eeraniiru. Dhimmicha hawaasa idil addunyaa hubachiisuuf hojiin dippiloomaasii hojjetame bu’aa qabatamaa agarsiisaa jiraachuu hoggantoonni paartiilee siyaasaa ENAn dubbise ibsaniiru. Dura taa’aan Paartii Haqaa fi Dimokiraasii Agawu doktar Addisuu Mokonnon adeemsa Itiyoophiyaan shira siyaasaatiin buufata galaanaa ishee dhabde kan nama gaabbisiisu ta’uu ibsani. Ulaan galaanaa lafee dugdaa ta’uu eeruun, Itiyoophiyaan ulaa galaanaa dhabuun ishee dinagdee isheerratti dhiibbaa olaanaa geessisaa jiraachuu dubbatani. Abbummaa ulaa galaanaa mirkaneessuufis dhaloonni hunduu waloon dhaabbachaa jiraachuu ibsaniiru. Itti gaafatamaan hariiroo alaa Paartii Dimokiraatawaa Raayyaa Raayyuu Geetaachoo Kabbadaa akka jedhanitti, ulaa galaanaa argachuun daandii olka’insa Itiyoophiyaa mirkaneessuuf bu’uura ijoo ta’uu ibsaniiru. Dhimmichas dhimma idil addunyaa gochuun hojiin eegalame kan dinqisiifatamu ta’uu eeraniiru. Miseensa Koree Hojii Raawwachiiftuu Biyyaalessaa Paartii Haqaa Hawaasummaa Itiyoophiyaa (EZEMA) kan ta’an Asaffaa Tarrafaa, “Dhimmi buufata galaanaa dhimma hunda keenyaati, waliin hojjenna” jedhan. Dura taa’aan Paartii Tokkummaa Biyyaalessaa Itiyoophiyaa obbo Zarihuun G/Igzi’aabiher akka jedhanitti, ulaa galaanaa Itiyoophiyaa dhabuun madaa onnee lammiilee Itiyoophiyaa akka malee miidhudha jedhan. Itiyoophiyaan buufata galaanaa mataashee karaan itti dhabde al seerummaan kan guutame ta’uu eeruun, yeroo ammaa ajandaa biyyaalessaa ta’ee hunduu gahee isaa bahachuun ajaa’ibsiifamuu qabu waan ta’eef milkaa’ina isaafis hunduu tokkummaan hojjechuu qabna jedhani.
Hojiileen Dijitaala Itiyoophiyaa 2025 jalatti hojjetaman biyyattiin gara sadarkaa fooyya’aatti akka ceetuuf bu’uura kaa’eera.
Jan 11, 2026 18
Amajji 3/2018(ENA) - Hojiileen Dijitaala Itiyoophiyaa 2025 jalatti hojjetaman biyyattiin gara sadarkaa fooyya’aatti akka ceetuuf bu’uura kaaheera jedhani hayyoonni damichaa Yunivarsiitii Walqixxee. Tarsiimichi yeroo dhiyootti kan ifoome Dijitaala 2030 hojiirra oolchuuf akka galtee guddatti gargaara jechuun ibsani hayyoonni kunniin. Mootummaan badhaadhina Itiyoophiyaa dhugoomsuu fi ariifachiisuuf hojiin dameelee ammayyeessuu Dijitaala Itiyoophiyaa 2030 eegaluun isaa ni yaadatama. Hayyoonni kunniin ENA waliin turtii taasisaniin akka jedhanitti hojiileen Dijitaala Itiyoophiyaa 2025 jalatti hojjetaman biyyattiin gara sadarkaa fooyya’aatti akka ceetuuf bu’uura kaaheera. Yunivarsiitichatti barsiisaa sooftiweerii injinariingii kan ta’an Balaay Alaamnee akka jedhanitti, teknooloojiin dijitaalaa damee qonnaa, fayyaa, barnootaa fi faayinaansii irratti jijjiirama qabatamaa fi faayidaa olaanaa fideera. Tekinooloojiin kuni haala kenniinsa barnootaa fooyyessuun yeroo fi iddoon osoo nama hin daangessiin oonlaayiniin barachuun danda’ameera jedhani. Teekinooloojiin deeggaramuun, haalli kenniinsa qormaataas kan fooyya’eefi nageenyummaan isaas kan eegame ta’uu ibsaniiru. Yunivarsiitii Walqixxeetti barsiisaa Nageenya Saayibarii Neetworkiingii kan ta’an barsiisaa Wandasan Zinnaa gama isaaniitiin, Dijitaalli Itiyoophiyaa 2025 barattootaaf barnoota qabatamaa nageenya saayibarii irratti kennuu fi beekumsa gahaa kennuuf gumaacha olaanaa taasiseera jedhan. Barnoota qulqullina qabu kennuufis Dijitaalli Itiyoophiyaa 2025 gahee olaanaa bahateera waan ta’eef milkaa’ina Dijitaala Itiyoophiyaa 2030f bu’uura ta’uu akka danda’us ibsaniiru. Akka ibsa barsiisaa kanaatti, tekinooloojiin Dijitaalaa kuni akka biyyaatti maallaqa seera malee sosocho’u to’achuurra darbee hannaa fi gowomsaa hambisuuf ni gargaara. Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 kan hunda hammatee fi dhaqqabamaa taasisuuf, dameelee hundaan hojiileenii fi tajaajiloonni kennaman teeknooloojiidhaan akka kennamanii fi ariifachiifaman hojiileen eegalaman cimanii itti fufuu qabu jedhaniiru.
Gaaffiin abbummaa ulaa galaanaa Itiyoophiyaa ajandaa dhalootaati
Jan 11, 2026 36
Amajji 3/2018(ENA) -Gaaffiin abbummaa ulaa galaanaa Itiyoophiyaa ajandaa dhalootaa fi dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuu biyyaalessaa ta’ee itti fufa jechuun hoggantoonni paartilee siyaasaa morkattootaa adda addaa ibsaniiru. Baroota dheeraaf ulaa galaanaa mataashee kan qabdu turte Itiyoophiyaan sababni isaa iftoominaan kan hin beekamneen ulaa galaanaa ishee dhabuun sirrii akka hin taane eeraniiru. Yeroo ammaa kanatti gaaffiin abbummaa ulaa galaanaa uummata biyya miliyoona 120 qabduuf akka seensa daldala al ergiifi galchii gofaaf kan fayyadu osoo hin taanee dhimmi kuni dhimma birmadummaa biyyaalessaa ta’ee abdiidhaan gaafatamaa jira. Dhimma kana irratti ENAn hoggantoota morkattoota paartiilee siyaasaa gaafateen dhimmi kuni dhimma birmadummaa biyyaa ta’uu eeruun, gaaffiin kuni gaaffii dhalootaa ta’uu dubbatani. Haalli Itiyoophiyaan buufata galaanaa dhabde dhimma uummataaf ifa hin taanee fi gaabbii kan namatti uumu ta’uu kan yaadachiisan obbo Damissee Sukkaaree miseensa Koree Giddugaleessaa Paartii Sochii Bilisummaa Sidaamaa dha. Ulaa galaanaa mataashee kan qabdu turte Itiyoophiyaan maal na dhibdeen kan irraa mulqame deeffachuuf gaaffiin gaafatamaa jiru gaaffii sirrii fi fudhatama qabu, deebii barbaadu kan dhalootaa ta’aa dhufuu ibsaniiru. Dhimma biyyaalessaa fi birmadummaa biyyaa irratti dhaloonni faallaa kanaa dhaabbatu akka hin jirre eeruun paartiin isaaniis deeggarsa barbaachisu hunda kennuuf ijjannoo cimaa kan qabu ta’uu eeraniiru. Itti Gaafatamaan Kutaa Dhimmoota dhaabbilee Paartii Dimookiraatawa Hawaasummaa Itiyoophiyaa Ballaxaa Sigeeboo akka jedhanitti, dhimmi buufata galaanaa uummata duratti ka’uu qofa osoo hin taane, hawaasa idil addunyaa birattis dhiyaate kunis milkaa’ina dippilomaasii guddaa ta’uu ibsaniiru.Gaaffiin kuni deebii sirrii hanga argatutti dhaloonni cimee hojjechuu qaba jedhan. Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Sidaamaatti itti Gaafatamaan Damee Ijaarsa Aadaa Dimookiraatawaa Tasfaayee Eermiyaas dhimmi abbummaa ulaa galaanaa dhimma birmadummaabiyyaalessaa waan ta’eef hojiin dippilomaasii cimee itti fufuu akka qabu ibsaniiru. Dhimmi kuni dhimma qananii osoo hin taanee dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuu, akkasumas dhimma birmadummaa biyyaa waan ta’eef deebii argachuun dirqama ta’a jedhani.
Kan mul'ate

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa
Gurmaa’insi Gandaa Haaraan jiraattonni Tajaajila Mootummaa dhiheenyatti akka argataniif  haala mijataa uumeera
Jan 9, 2026 280
Amajjii1/2018(ENA)-Naannoo Oromiyaatti Gurmaa’insi gandaa hojiirra oole tajaajila mootummaa dhiheenyatti akka argataniif haala mijataa uumuu Godina Baaleetti Jiraattonni Aanaa Harannaa Bulluq ibsan. Bulchaan Godinichaa gamasaaniin gurmaa’insigandoota189tti hundeeffaman jiraattotaaf tajaajila dhiheenyatti kennuurra darbee yeroo fi baasii qusachuun hojiiwwan misoomaarratti akka xiyyeeffatan tasisuu ibsaniiru. Jiraattota Aanaa Harannaa Bulluq Ganda Qumbii keessaa obbo Hasan Ahimad, gurmaa’insichi tajaajila mijataa fi si’ataa dhiheenyatti akka argannu nu taassiseera jedhaniiru. Ammaandura tajaajila mootummaa argachuuf gara Aanaa fi Bulchiinsa magaalaatti deddeebbiin taassifnu yeroo kan fixuu fi dadhabbii kan qabu akka ture ibsuun ‘’Gurmaa’insi Gandaa Haaraan kana salphisuun fayyadamuu nu taassiseera” jedhaniiru. Tajaajilamaa biroon Obbo Ahimad Mahaammad akka jedhanitti gurmaa’insi gandaa hirmaannaa misoomaa hawaasichaa guddisuun rakkoowwan bu’uuraalee misoomaa ammaan dura turan hirmaannaa uummataan akka furamaniif carraa kenneera. Yeroo gabaabaa keessatti hawaasa hirmaachisuun hojiiwwaqn misoomaa hojjetaman keessaa Riqichaa fi Daree Barnootaa dabalataa akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Bulchaan Aanaa Harannaa Bulluq Obbo Ibiraahim Hasan gamasaaniin gurmaa’oinsi haaraan gaaffiiwan misoomaa fi Bulciinsa gaarii Uummata Aanichaa yeroo dhihootti deebisuuf kan deeggaru ta’uu dubbataniiru. Bakkabu’aanBulchaaGodina Baalee ObboBiraanuu Arfaasaa gamasaaniin gandoota189 godinichatti argamanittigurmaa’insi hundeeffamanii gara hojiitti galuusaanii dubbataniiru. Gurmaa’insa gandaa kanatti hoggantonni ramadamaniiHawaasa dhiheenyatti akka tajaajila taassifamuu ibsaniiru. Gurmaa’insi gandaa komiiwwan ammaan dura Godinaa fi aanaatti dhufaa ture hir’isuu itti quufinsa uummataa dabalaa dhufeera. Hoggantoonnii fi ogeessonni hawaasicha haala fooya’een akka tajaajilaniif leenjiin ijaarsa dandeettii fi deeggarsaa fi hordoffiin taassifamaa jiraachuu ibsaniiru. Naannoo Oromiyaatti kenna tajaajilaa fooyyessuu fi rakkoo Bulchiinsa gaarii dhiheenyatti hiikuuf gurmaa’insi haaraan Ganda hojiirra ooluun ni yaadatama. Gurmaa’insi kun hawaasni misoomaan fayyadamaa akka ta’uu fi gaaffiiwwan bulchiinsa gaarii hirmaannaa hawaasaan deebii akkaa argatan taassifamuu ibsaniiru.
Loltummaan gufuuwwan nama mudatan dura dhaabbachuun naamusaa fi gootummaa gaafata.- Leetenaal Jeneraal Shuumaa Abdataa
Jan 4, 2026 693
Mudde26/2018(ENA) – Loltummaan Gootummaa fi naamusa guutuun dhaabbachuun gufuwwan namtolchee fi uumamaan osoo hin injifatamiin cimanii dhaabbachuu gaafata jedhan Ajajaa duula addaa Leetenaal Jeneraal Shuumaa Abdataa ibsan. Gidduugalli Leenjiin duula addaa loltoota leenjii bu’uura loltummaa leenjisaa ture guyyaa har’aa sirna ho’aan eebbiseera.   Eebbifamtoonni kun leenjii bu’uuraa Loltummaa fi ulaagaa filannoo koomaandoo kan guutanidha. Sagantaa eebbaa kanarratti kan argaman Ajajaa duula addaa Leetenaal Jeneraal Shuumaa Abdataa ogummaan Loltummaa Gootummaa Naamusaan guutame kan barbaadu ta’uusaan olitti qormaatilee uumamaa fi namtolcheen osoo hin injifatamiin dhaabbachuu barbaada jedhaniiru.   Kun yeroo ta’u lubbuu darbuun seenaa hin dabarre barreessuun onnee lammiilee keessatti dhalootaa dhalootatti darbuun barabaraan akka jiraatu ibsaniiru. Leenjii bu’uura loltummaa xumuranii loltoonni eebbifaman fuulduratti komaandoo, humna qilleensaa(ayyarwaladii), humna addaa fi farra shororkeessaa akkasumas eegumsa humna rippaabilikaatti makamuuf leenjii isaan dandeessisu gahumsaan akka bahan hubachiisaniiru.   Ajajaan duula addaa fi humna eegumsa rippaabilikaa fi miseensonni yeroo haalli rakkisaan Itiyoophiyaa mudate hundatti jiraachuusaanii qabatamaan kan mirkaneessan ijoollee guyyaa rakkoo ta’uusaanii Leetenaal Jeneraal Shuumaa Abdataa ibsaniiru. Eebbifamtoonni kun turtiisaanii gahumsa qaamaa cimaa, tooftaawwan waraanaa adda addaa, halkanii fi guyyaa bobba’uu fi shaakalaan kan gabbifatan ta’uun olitti barumsa xiinsammuu fi fayyaa kan baratan ta’uusaanii kan ibsan immoo Ajajaa gidduugala Duula Addaa Birgaadar Jeneraal Bojaa Aagaa dha. Gidduugalli leenjii kun humna simannaasaa sadarkaa olaanaan guddisuun kan ibsan Birgaadar Jeneraal Bojaa Aagaa bu’uuraalee misomaa leenjii babal’isuun danda’ameera jedhaniiru.   Eebbifamtoonni turtii leenjiisaaniitti hoggantoonnii fi leenjiftoonni isaan gahoomsuuf tattaaffii taassisan hundaaf galateeffachuun, leenjii bu’uuraa koomaandoo fuulduratti isaan eeggatuuf qophii ta’uusaanii odeeffannoon Miidiyaa Onlaayinii Raayyaa Ittisa Biyyaa ni mul’isa.
Aadaan siyaasaa nagaa qabeessi milkaa’ina Filannoo Dimokirasiif  bu’uura  
Jan 4, 2026 432
Mudde26/2018(ENA)– Aadaan siyaasaa nagaa qabeessi milkaa’ina Filannoo Dimokirasiif bu’uura murteessaa ta’uu Ministirri Nageenyaa Mahaammad Idiriis ibsan. Ministeerri nageenyaa Mana maree waloo paarstiilee siyaasaa Itiyoophiyaa waliin qindaa’uun Mata duree “sochii siyaasaa nagaa qabeessa Filannoo nagaaf“ jedhuun waltajjii marii gaggeessaa jira. Ministirri Nageenyaa Mahaammad Idiriis Waltajjicharratti akka dubbatanitti, Filannoon ijaarsa mootummaa fi sirna dimokiraasii cimsuuf utubaa cimaadha. Paarsiileen siyaasaa nagaa fi tasgabbii biyyaa eegsisuurratti itti gaafatamummaa guddaa akka qaban eeruun, adeemsa filannoo nagaaf qooda murteessa qabaachuusaanii dubbataniiru. Keessumaa waktii filannoos ta’e yeroo biroo sochiiwwan siyaasaa taassifaman kamiyyuu tokkummaa biyyaa fi nageenya uummataa haala eegeen raawwatamuu akka qabu dubbataniiru. Filannoo nagaaqabeessa mirkaneessuuf hojii mootummaa qofa osoo hin ta’iin qindoomina paartiilee siyaasaa, kan dhaabbilee hawaasa sivilii fi tattaaffii hawaasa hundaa kan gaafatu ta’uu ibsaniiru. Filannoon biyyoolessaa 7ffaan milkaa’inaan akka xumutamuuf paartiileen siyaasaa itti gaafatamummaasaanii akka bahaniif waamicha dhiheessaniiru. Itti gaafatamaan Manne maree waloo paartiilee siyaasaa Itiyoophiyaa Salamoon Ayyalaa gamasaaniin Manni mariachi sirna Dimokiraasii cimaa ijaaruu fi sirna paartii himaachisaa cimsuuf shoorasaa taphachaa jiraachuu dubbataniiru. Filannoon biyyoolessaa 7ffaan milkaa’aa akka ta’uuf manni mariachi qophii barbaachisaa raawwachaa jiraachuu ibsaniiru.
Mootummaan Ida’amuu imala badhaadhina biyyaalessaa keessatti dhaabbileen barnoota olaanoo gahee bakka hin buufamne akka qaban cimsee amana - Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimad
Jan 2, 2026 635
Mudde 24/2018 (ENA)- Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Mootummaan Ida’amuu imala badhaadhina biyyoolessaa keessatti dhaabbileen barnoota olaanoo gaheebakka hin buufamne akka qaban cimsee akka amanuu fi hojiirra oolmaa isaaf hojjechaa akka jiru ibsaniiru.   Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaanii irratti dabarsaniin, yaadni humna jijjiiramaa ta’uu eeruun, hayyoonni immoo bakka buutota jijjiiramaati jedhan. Hayyoonni jijjiirama hawaasa keessatti uuman biyyattii gara badhaadhinaatti kan geessu ta’uu eeruun, gama kanaanis hayyoonni yaada kabajuu fi jaalachuu, gadi fageenyaan xiinxaluu, dubbisuu, kan rakkoo furanii fi furmaata barbaadan ta’uun irraa eegama jedhani. Guyyaa har’aa waltajjii marii waggaa 75ffaa hundeeffama Yunivarsiitii Finfinnee kabajuuf Yunivarsiitichi qopheesse irratti hirmaachuu isaanii hubachiisaniiru.   Mootummaan Ida’amuu imala badhaadhina biyyaalessaa keessatti dhaabbileen barnoota olaanoo gahee bakka hin buufamne akka qaban cimsee akka amanu, hojiirra oolmaa isaafis hojjechaa akka jiru dubbataniiru.   Dhaabbileen hojii baruu barsiisuu fi qorannoo gara kalaqaa fi gochaatti jijjiiruun teeknooloojii waliin simsiisuun kan isaan irraa eegamu ta’uus cimsanii kan ibsan yoo ta’u, kunis badhaadhina Itiyoophiyaa saffisiisuu keessatti gahee guddaa qaba jedhan.
Itiyoophiyaan Rakkoolee Barootaaf turan bu’urarraa furuun Mootummaa cimaa ijaaruuf mariin biyyoolessaa carraa seenaa qabeessadha
Jan 2, 2026 496
Mudde 24/2018(ENA)–Itiyoophiyaatti rakkoolee baroota dheeraaf turan bu’urarraa furuun mootummaa cimaa ijaaruuf mariin biyyoolessaa carraa seenaa qabeessa ta’uu paartiin morkataa sosochii dimokiraatawaa Uummata Gumuz ibse. Mariin biyyoolessa Itiyoophiyaa erga labsiin hundaa’ee hojii eegalee asitti boqonnaa qophiitii hanga mariitti hanga ammaatti hojiiwwan hedduu hojjeteera.   Dhimma kanarratti itti gaafatamaan sabquunnamtii fi miseensi gidduugalaa paartiin Sosochii Dimokiraatawaa Ummata Gumuz Lammeessaa Neenoo ENA’f yaada kennaniin akka ibsanitti, Mariin biyyoolessaa carraa rakkoolee furu qabatee kan dhufe ta’uu himaniiru. Mariin biyyoolessaa rakkoolee yeroo dheeraaf turan bu’uurarraa furuuf mootummaa cimaa hundeessuuf carraa seenaa qabessadha jedhaniiru. Haata’u malee carraa seenaa qabeessa kana milkaa’inaan goolabuuf hundi keenya rakkoolee mariin furuuf kutannoo qabaachuu qabna jedhaniiru. Lammiileen biyya keessaa fi biyya alaa jiraatan dhimma biyyasaaniirratti marii’achuun furmaatasaaf hojjechuun rakkoowwan bu’uurarraa furuuf abbaa ta’uu qabu jedhaniiru. Adeemsa kana keessatti paartiinsaanii hirmaannaa ho’aa taasisuusaa ibsaniiru. Gara fuulduraattis marichi hanga milkaa’inaan xumuramutti gaheesaanii bahuuf qophii ta’uusaanii mirkaneessaniiru. Paartiin sosochi idimokiraatawaa Ummata Gumuz komishinii Marii Biyyoolessaaf ajandaawwan adda addaa kennuusaa yaadachuun dhimmoota kanarratti marii’achuun qaama furmaataa ta’uuf qophaa’uusaa ibsaniiru.

Hawaasummaa
Godina Harargee Lixaatti bakkeewwan hawwata turizimii misoomaaf oolchuuf hojiin hojjetamaa jira.
Jan 11, 2026 29
Amajji 3/2018(ENA)- Godina Hararge Lixaatti bakkeewwan hawwata turizimii ta’an misoomaaf oolchuun kan dandeesisan hojiileen hojjetamaa jiraachuu Waajjirri Turirizimii Godinichaa beekasise. Waajjirichatti dursaan garee misooma bakka turizimii obbo Saaniyoo Adam ENAtti akka himanitti, akka naannichaatti bakkeewwan hawwata turizimii keessaa kan filatame tokko haroo Carcar, holqa uumamaa fi hambaalee amantaa yoo ta’an hojiin beeksisuu bal’inaan hojjetamaa jira. Hanga ammaatti bakkeewwan hawwata turizimii ijoo ta’an Godinichatti 50 ol adda baafamanii barreeffaman kaa’amuu eeruun, gara fuula duraatti misoomsuun qooda fudhattoota waliin yaaliin adeemsifamaa jiraachuu ibsaniiru. Keessattuu sirna Gadaa keessatti iddoo olaanaa kan qabu naannoon sirni Ardaa Jilaa Odaa Bultumii fi haroo Carcar qindoominaan misoomsuuf sochiin jalqabamuu eeraniiru. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa haroon Carcar akka bayyanatu gargaaruun naannichattis baay’inni biqilootaa akka dabalu taasiseera jedhani. Kunis naannichi akka daawwatamuuf haala mijataa uumeera jedhani. Haroo Carcaritti tajaajilli bidiruu ammayyaa akka eegaluuf abbootii qabeenyaa hirmaachisuuf tattaaffiin eegalamuu ibsaniiru. Itti aanaan bulchaa aanaa Bookee obbo Mahaammad Zayiin Jamaal gama isaaniitiin, bu’uuraalee misoomaa naannoo masjiida durii kan umuriin isaa waggaa 400 ta’a jedhamee dubbatamuu fi Haroo Carcar misoomsuun turizimiidhaaf caalaatti akka mijataniif hojjetamaa akka jiru ibsaniiru. Akka fakkeenyaatti yeroo ammaa kanatti daandii guddicha irraa gara harichaatti kan geessu daandiin bajata birrii miliyoona 30 oliin sadarkaa olaanaan hojjetamaa akka jiru himaniiru. Dargaggoonni naannichaa haricha eeguu fi kunuunsuun, qurxummii kiyyeessuun irraa fayyadamoo akka ta’aniif cuuciin qurxummii kuma 20 ol naannoo biroorraa fidamuun akka horsiifaman taasifamaa jira jedhani.
Beekumsa mandhalee sirna baruu fi barsiisuu (kaarikulamii barnootaa) keessatti hammachiisuun qabeenya uumuu fi guddina biyyaaf gumaachuuf qophiin haalduree eegalameera.
Jan 11, 2026 43
Amajji 3/2018(ENA)- Beekumsa mandhalee sirna baruu fi barsiisuu (kaarikulamii barnootaa) keessatti hammachiisuun qabeenya uumuu fi guddina biyyaaf gumaachuuf qophiin haalduree eegalamuu Ministirri Barnootaa ibse. Duudhaaleen, beekumsi mandhalee, aadaanii fi akkaataan haala waliin jireenyaa lammiilee Itiyoophiyaa, tokkummaan uummataa misooma biyyaaf fi ijaarsa nageenya waaraaf faayidaa olaanaa qabu. Duudhaaleewwan kanneenimmoo qorannoo fi qo’annoon deeggaramun dhalootaaf dabarsuun barbaachisaa ta’uu ibsameera. Deetaan Ministiraa Barnootaa Kooraa Xushunee ENAtti akka himanitti, beekumsi mandhalee eenyummaa lammiileef ka’umsa dha. Beekumsa waliigalaa mandhalee faayidaa lammiileef oolchuuf bifa qindaa’een qorannoon gaggeefamuu qaba jedhani. Qorannoowwan kanaan dura gaggeeffamaa turan bifa qindaa’een waan hin taaneef hanga barbaadamu bu’aa hin buusne jedhaniiru. Qorattotaa damichi ilaallatuu fi hojii uumtota damee kanarratti hirmaachisuun guddinaa fi badhaadhina biyyattiitiif beekumsa mandhalee Itiyoophiyaa qorannoo fi misooma qindaa’een fayyadamuuf ciminaan ni hojjanna jedhaniiru. Beekumsa mandhalee Itiyoophiyaa kaarikulamii barnootaa keessatti hammachiisuu kan dandeessisu, qorannoo fi qo’annoo qindaa’een adda baasuun guddina biyyaalessaaf itti fayyadamuuf piroojektiin bocamee hojiin eegalamuu eeraniiru. Beekumsa mandhalees kaarikulamii barnootaaf, imaammataaf, misoomaa fi galteewwan misooma adda addaaf oolchuuf murtee adda baasuu kan dandeessisu qorannoon adeemsifamuuf qophiin jalqabamuu ibsaniiru. Dhaabbileen barnoota olaanoo fi dhaabbileen qorannoo, beekumsa mandhalee yeroo qoratan hawaasni odeeffannoo beekumsa mandhalee naannoo sanaa sirnaan kennuudhaan akka hirmaatu waamicha dhiyeessaniiru. Yunivarsiitii Finfinneetti kutaa barnoota fayyaa hawaasaa keessatti qindeessaan jalqabsiisa beekumsa mandhalee Piroofeesar Mirgisaa Kaabaa akka jedhanitti, beekumsa mandhalee sirna barnootaa keessatti hammachiisuun guddina biyyaatiif murteessaadha.   Gara fuuladuraatti beekumsa mandhalee sirna qorannoo saayinsiitiin gabbisuun misooma waliigalaa biyyattiif akka ooluu dandeessisuuf ciminaan kan hojjetan ta’uu ibsaniiru. Yunivarsiitii Baahir Daaritti barsiisaa fi qorataan Baayoloojii doktar Dastaawu Daamxee akka jedhanitti pirojektoonni qorannoo beekumsa mandhalee hojiirra oolchuuf adeemsifaman fayyadaman madda beekumsa Itiyoophiyaa mul’isu.   Beekumsa Mandhalee guddina biyyaa fi ijaarsa nageenya waaraa lammiileef akkasumas faayidaa hawaasumaa fi diinaagdee kan qaban adda baasuuf qorannoo fi q’annoo gaggeessaa akka jiran ibsaniiru.
Qabeenyaa dilbii Naannoo Oromiyaa jiru humna ida’ameen misoomsuun gargaaramuurraa gara misoomaatti ce’uuf tattaaffiin taassifamu bu’aa argamsiisaa jira
Jan 10, 2026 144
Amajjii 2/2018(ENA)-Qabeenya dilbii Naannoo Oromiyaa jiru humna ida’ameen misoomsuun gargaaramuurraa gara omishtummaati ce’uuf tattaaffiin taassifamu bu’aa argamsiisaa jiraachuu Biiroon Komunikeeshinii Naannichaa beeksise. Itiyoophiyaatti nyaataan of danda’uu fi Hiyyummaa keessaa bahuun, gargaaramuurraa gara omishtummaatti ce’uuf sochii qabatamaan taassifamaa jiraachuun ni beekama. Bu’uruma Kanaan Naannooleen humna misoomaa qabaniin gara misoomaatti akka galan taasifamuun hanga ammaatti naannooleen deebii yeroo balaa tasaa deebisuuf humna uummachuu danda’aniiru. Naannoolee kana keessaa Haala sochii Naannoon Oromiyaa ilaalchisee ENA’n Afaan Oromoo Hogganaa Biiroo Komunikeeshinii Naannichaa Haayiluu Addunyaa dubbiseera. Obbo Haayiluun ibsasaaniin, Qabeenya dilbii Naannoo Oromiyaa jiru humna ida’ameen Misoomsuun gargaaramuurraa gara omishtummaatti ce’umsi taassifamu bu’aa argamsiisaa jiraachuu ibsaniiru. Mootummaan naannichaa tajaajila tola ooltummaa guutummaan hojiirra oolchuu, Buusaa Gonofaa Cimsuu , Mana Murtii Aadaa hojiirra oolchuu fi caasaa “Gaachana Sirnaan” ummanni nageenyaa fi tasgabbiisaa akka eeggatu tassifameera jedhaniiru. Keessummaa Aadaa walgargaarsaa Oromoo Sirna Gadaarraa Madde Buusaa Gonofaa hojiirra oolchuun humna ofiin rakkoowwan dandamachuun xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jiraachuu hubachiisaniiru. Bu’uuruma Kanaan balaawwan nam-tolchee fi Uumamaa waggoottan muraasa darban mudatanii turan humna ofiin dandamachuuf tattaaffiin taassifamuu ibsaniiru. Sirna Walgargaarsaa Buusaa Gonofaa qofa osoo hin ta’iin bu’uura kallattii mootummaan kaa’een imala ce’umsa gargaaramuurraa gara omishtummaatti taassifamu gumaacha guddaa gumaachaa jiraachuu ibsaniiru. Kanaanis naannicha lakkoofsi lammiilee deeggarsa Hawaasummaa barbaadanii yerooraa gara yerootti hir’achaa dhufuu ibsaniiru. Humna ofiin Deebii yeroo balaa tasaa kennuuf gama Buusaa Gonofaan bara omishaa 2017/18 lafa hektaara kuma 26 ol midhaan adda addaan misoomee omishni walitti qabamaa jira jedhaniiru. Haluma wal fakkaatuun naannichatti hojiiwwan misoomaa hojjetamaa jiran cinaatti hawaasni tajaajila tola ooltummaarratti akka hirmaatu gochuun bu’aa guddaan galmaa’aa jiraachuu dubbataniiru. Tajaajilli tola ooltummaa Sagantaa dhaabbii Ashaaraa magariisaaraa eegalee wal gargaaruun tajaajila hawaasummaarratti hirmaachuurratti hojiiwwan bu’aa qabeessi hojjetamuu ibsaniiru. Haaluma Kanaan bara 2012 urraa eegalee hanga ammaatti Manneen Barnootaa Idileen duraa ‘Bu’uura Boruu” hirmaannaa Hawaasaan Ijaaramaniiru jedhaniiru. Dabalataanis Mana Jireenya Barsiisotaa Baadiyaa kuma 59 ol ijaaramuu eeruun, hawaasicha hirmaataa misoomaa taassisuuf hojiiwwan hojjetamaniin muuxannoon guddaan kan irraa fudhatame ta’uu hubachiisaniiru. Gama biroon uumatichi Duudhaa Aadaasaan saffisaa haqa argachuun yeroosaa misoomarra akka oolchu Manni Murtii Aadaa hanga Gandaatti diriiree bu’aa qabatamaa fidaa jiraachu dubbataniiru.
Itiyoophiyaatti du’a haadholii fi daa’immanii hir’isuuf tarkaanfiiwwan imaammataa fudhataman bu’aa qabatamaa argamsiiseera.
Jan 9, 2026 184
Amajji 1/2018 (ENA): Du’a haadholii fi daa’immanii hir’isuuf waggoota darban keessa Itiyoophiyaatti tarkaanfiiwwan imaammataa fudhataman bu’aa qabatamaa argamsiiseera jedhan Ministirri Ministeera Fayyaa doktar Maqdas Dhaabaa. Ministirri kun baatii Amajjii keessaa kan kabajamu “Baatii Haadhumma Fayyaalessaa” ilaalchisuun ibsa kennaniiru. Ibsa isaanii kanaan waggoota darbanitti rakkoo fayyaa fi du’a da’umsaan walqabatee dhufu hir’isuuf tattaaffii taasifameen lakkoofsi haadholii dhaabbilee fayyaa keessatti da’an dabaluu isaa ibsaniiru. Dhaabbilee fayyaa keessatti tajaajilli baqaqsanii hodhuu hojiirra ooluu isaatiin jijjiirama akka fide eeruun, qaqqabummaan dhaabbilee fayyaa babal’achuun kunuunsi dahumsa duraa akka dabalu taasifameera. Dhiiga da'umsa booda dhagala’uun rakkoo hamaaf haadholii saaxilu to’achuuf namoonnii fedhii isaaniin akka dhiiga arjooman taasisuun dabalaa jira. Hojiin hanga ammaatti hojjetame jajjabeessa ta’uu eeruun, gara fuula duraattis cimee itti fufa jedhani. Kanaaf kalaqnii fi faayinaansiin itti fufinsa qabu murteessaa ta’uu ibsuun, qaqqabamummaa odeeffannoo fayyaa dijitaalaa babal’isuu, meeshaalee yaalaa guutuu fi tajaajila baqaqsanii hodhuu babal’isuuf qooda fudhattoota waliin ta’uun akka hojjetan mirkaneessaniiru. Barana guyyaan Haadhummaa Fayyaalessaa akka idil addunyaatti yeroo 39ffaa akka biyyaatti immoo yeroo 20ffaaf mata duree "Kalaqaa fi faayinaansii itti fufinsa qabu Fayyaa Haadhummaaf " kan jedhuun sagantaalee hubannoo uumuu adda addaatiin kabajama.
Diinagdee
Olka'iinsa Itiyoophiyaa mirkaneessuuf ulaan galaanaa murteessaadha -Hoggantoota Paartii Siyaasaa
Jan 11, 2026 21
Amajji 3/2018(ENA)- Olka'iinsa Itiyoophiyaa mirkaneessuuf ulaan galaanaa murteessaa ta’uu hoggantoonni Paartiilee Siyaasaa adda addaa ibsani. Abbummaan ulaa galaanaa karoora tarsiimoo yeroo dheeraa, dantaa dhalootaa, biyyaalessaa fi badhaadhina Itiyoophiyaa mirkaneessuuf kan kaayyeffate ta’uus eeraniiru. Dhimmicha hawaasa idil addunyaa hubachiisuuf hojiin dippiloomaasii hojjetame bu’aa qabatamaa agarsiisaa jiraachuu hoggantoonni paartiilee siyaasaa ENAn dubbise ibsaniiru. Dura taa’aan Paartii Haqaa fi Dimokiraasii Agawu doktar Addisuu Mokonnon adeemsa Itiyoophiyaan shira siyaasaatiin buufata galaanaa ishee dhabde kan nama gaabbisiisu ta’uu ibsani. Ulaan galaanaa lafee dugdaa ta’uu eeruun, Itiyoophiyaan ulaa galaanaa dhabuun ishee dinagdee isheerratti dhiibbaa olaanaa geessisaa jiraachuu dubbatani. Abbummaa ulaa galaanaa mirkaneessuufis dhaloonni hunduu waloon dhaabbachaa jiraachuu ibsaniiru. Itti gaafatamaan hariiroo alaa Paartii Dimokiraatawaa Raayyaa Raayyuu Geetaachoo Kabbadaa akka jedhanitti, ulaa galaanaa argachuun daandii olka’insa Itiyoophiyaa mirkaneessuuf bu’uura ijoo ta’uu ibsaniiru. Dhimmichas dhimma idil addunyaa gochuun hojiin eegalame kan dinqisiifatamu ta’uu eeraniiru. Miseensa Koree Hojii Raawwachiiftuu Biyyaalessaa Paartii Haqaa Hawaasummaa Itiyoophiyaa (EZEMA) kan ta’an Asaffaa Tarrafaa, “Dhimmi buufata galaanaa dhimma hunda keenyaati, waliin hojjenna” jedhan. Dura taa’aan Paartii Tokkummaa Biyyaalessaa Itiyoophiyaa obbo Zarihuun G/Igzi’aabiher akka jedhanitti, ulaa galaanaa Itiyoophiyaa dhabuun madaa onnee lammiilee Itiyoophiyaa akka malee miidhudha jedhan. Itiyoophiyaan buufata galaanaa mataashee karaan itti dhabde al seerummaan kan guutame ta’uu eeruun, yeroo ammaa ajandaa biyyaalessaa ta’ee hunduu gahee isaa bahachuun ajaa’ibsiifamuu qabu waan ta’eef milkaa’ina isaafis hunduu tokkummaan hojjechuu qabna jedhani.
Gaaffiin abbummaa ulaa galaanaa Itiyoophiyaa ajandaa dhalootaati
Jan 11, 2026 36
Amajji 3/2018(ENA) -Gaaffiin abbummaa ulaa galaanaa Itiyoophiyaa ajandaa dhalootaa fi dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuu biyyaalessaa ta’ee itti fufa jechuun hoggantoonni paartilee siyaasaa morkattootaa adda addaa ibsaniiru. Baroota dheeraaf ulaa galaanaa mataashee kan qabdu turte Itiyoophiyaan sababni isaa iftoominaan kan hin beekamneen ulaa galaanaa ishee dhabuun sirrii akka hin taane eeraniiru. Yeroo ammaa kanatti gaaffiin abbummaa ulaa galaanaa uummata biyya miliyoona 120 qabduuf akka seensa daldala al ergiifi galchii gofaaf kan fayyadu osoo hin taanee dhimmi kuni dhimma birmadummaa biyyaalessaa ta’ee abdiidhaan gaafatamaa jira. Dhimma kana irratti ENAn hoggantoota morkattoota paartiilee siyaasaa gaafateen dhimmi kuni dhimma birmadummaa biyyaa ta’uu eeruun, gaaffiin kuni gaaffii dhalootaa ta’uu dubbatani. Haalli Itiyoophiyaan buufata galaanaa dhabde dhimma uummataaf ifa hin taanee fi gaabbii kan namatti uumu ta’uu kan yaadachiisan obbo Damissee Sukkaaree miseensa Koree Giddugaleessaa Paartii Sochii Bilisummaa Sidaamaa dha. Ulaa galaanaa mataashee kan qabdu turte Itiyoophiyaan maal na dhibdeen kan irraa mulqame deeffachuuf gaaffiin gaafatamaa jiru gaaffii sirrii fi fudhatama qabu, deebii barbaadu kan dhalootaa ta’aa dhufuu ibsaniiru. Dhimma biyyaalessaa fi birmadummaa biyyaa irratti dhaloonni faallaa kanaa dhaabbatu akka hin jirre eeruun paartiin isaaniis deeggarsa barbaachisu hunda kennuuf ijjannoo cimaa kan qabu ta’uu eeraniiru. Itti Gaafatamaan Kutaa Dhimmoota dhaabbilee Paartii Dimookiraatawa Hawaasummaa Itiyoophiyaa Ballaxaa Sigeeboo akka jedhanitti, dhimmi buufata galaanaa uummata duratti ka’uu qofa osoo hin taane, hawaasa idil addunyaa birattis dhiyaate kunis milkaa’ina dippilomaasii guddaa ta’uu ibsaniiru.Gaaffiin kuni deebii sirrii hanga argatutti dhaloonni cimee hojjechuu qaba jedhan. Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Sidaamaatti itti Gaafatamaan Damee Ijaarsa Aadaa Dimookiraatawaa Tasfaayee Eermiyaas dhimmi abbummaa ulaa galaanaa dhimma birmadummaabiyyaalessaa waan ta’eef hojiin dippilomaasii cimee itti fufuu akka qabu ibsaniiru. Dhimmi kuni dhimma qananii osoo hin taanee dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuu, akkasumas dhimma birmadummaa biyyaa waan ta’eef deebii argachuun dirqama ta’a jedhani.
Walakkaa bara baajatichaatti bunni kuntaala miiliyoona 15.8 ol oomishameera
Jan 11, 2026 31
Amajji 3/2018 (ENA)- Abbaan Taayitaa Bunaa fi Shaayii Itiyoophiyaa walakkaa bara baajataa kana keessatti bunni kuntaala miiliyoona 15.8 ol oomishamuu beeksise. Hojii raawwachiisaa olaanaa Misooma Bunaa, Shaayii fi Mi’eessituu abbaa taayitichaa obbo Fiqaaduu Dafarraas ENAtti akka himanitti, bara bajataa kana keessatti lafti miiliyoona 2 fi kuma 462 fi 718 misooma bunaan uwwifameera. Kana keessaa lafti bunaa yeroo ammaa oomisha kennu hektaara miiliyoona 1 fi kuma 537 fi 626 kan qonnaan bultootaa yoo ta’u, hektaarri kuma 143 fi 140 ammoo kan abbootii qabeenyaan oomishamaa jirudha jedhan. Gama biraatiin lafti bara kana oomisha bunaan misoomaa jiru kan bara darbee waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu dhibbeentaa 20.7, waggoota jahan darbanii waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu immoo dhibbeentaa 211 caalmaa qabaachuu isaa mirkaneessaniiru. Walakkaa bara baajataa darbeetti bunni kuntaala miiliyoona 15.8 ol oomishamuu eeruun; kana keessaa toonii miiliyoona 14.37 qonnaan bultootaan kan oomishaman yoo ta’u, kan hafe ammoo abbootii qabeenyaan kan oomishame ta’uu kan ibsaniiru. Kunis waggoota jahan darbanii waliin yeroo madaalamu dachaa sadii ol akka caalu beeksiseera. Oomishtummaa isaan walqabatee gaafa ilaalamu immoo abbootii qabeenyaan lafa hektaara tokko irraa kuntaa 9.9 kan oomishamu yoo ta’u, qonnaan bultootaan immoo kuntaala 9.4 kan oomishamu ta’uu beeksisaniiru. Oomishtummaa fi itti fayyadama bunaa guddisuuf hojjetamaa jiraachuu eeruun, waggoottan torban darban keessatti biqiltuun bunaa dulloomaan hektaara kuma 862 ol haaromfamuu fi biqiltuun gara biiliyoona 9 dhaabamuu isaa ibsaniiru. Hojii kunuunsa bunaa irratti raawwii fooyya’aa ta’een bu’aan jajjabeessaan galmaa’uu isaas ibsuun; qaamota dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan hojjetamaa akka jiru beeksiseera. Haaluma kanaan ji’oota jahan darban qofa keessatti sanyii bunaa sadarkaa olaanaa qabu kuntaala 9,458, biqiltuun bunaa biiliyoona 3.15 fi biqiltuun bunaa diqaalomsame kuma 25 fayyadamtootaaf kennamuu isaa ibsaniiru. Itti dabaluunis maasii bunaa keessatti to’annoo dhibee fi raammoo, ittisa dhukkuba hundee bunaa fi sanyii isaa, akkasumas hojiin to’annoo marga bunaa hojjetamaa turuu dubbataniiru.
Pirojeektiin Misoomni Qarqara Lagaa Magaalichatti ijaaramaa jiru yaadama misoomaa fi ijaarsaa haaraa dhugoomsedha – kantiibaa Adaanacha Abeebee
Jan 10, 2026 117
  Amajjii 2/2018(ENA)- Pirojeektiin Misoomni Qarqara Lagaa Magaalaa Finfinneetti ijaaramaa jiru yaadama misoomaa fi ijaarsaa haaraa kan dhugoomse misooma fulla’aa kan mirkaneesse ta’uu kantiibaan Magaalaa Finfinnee Adaanacha Abeebee ibsan. Pirojektichi qabeenya uumamaa eeguun Miidhaginaa fi sadarkaa magaalichaa guddisuuf qooda olaanaa qabaachuu eeraniiru. Kantiibaa Adaanachi Pirojektoota qarqara lagaatti ijaaramaa jiran keessaa adeemsa ijaarsa hojiin misoomaa Qabbanaa fi Ginfillee irra jiru qorataniiru.   Pirojektichi lagichaa fi daangaasaa soda jalaa baasuun magaala fooyyoftee fi haala teessumaan kan miidhagde ashaaraa dhaloota har’aati jedhaniiru. Pirojektoonni kunneen Haala teessuma Magaalaa Finfinnee hanga dhumaatti akka eegu taasisuurra darbee egeree fedhii magaalittii kan gidduu galeeffatan, Misoomawwan dabalataa kan hammatan ta’uu beeksisaniiru.   Misoomni qarqara lagaa ammaan dura kan hin xiyyeeffatamiin ture yeroo ammaa bakka daawwanaa namoota hedduu fi gidduugala kenna tajaajilaa mijataa ta’anii misoomuu isaanii ibsaniiru. Misoomsitootaa fi dureeyyiiwwan bakkeewan misooman kana akka itti fayyadaman waamicha dhiheessaniiru. Magaalaa Finfinneefis ta’e biyyaaf Haaraa kan turee fi fakkeenyaas kan ta’u hojiin misooma qarqara lagaa Magaalittii bu’uura cimaarra kaa’uuf magaalittii akka maqaashee miidhagsuuf kan deeggaru ta’uu beeksisaniiru. Ijaarsi pirojektii Misooma qarqara lagaa lageen gurguddoo magaalaa Finfinnee 8 kan hammatee fi km 8 kan dheeratu xumuramaa jiraachuu Kantiibaa Adaanach ibsaniiru. Hoggantoota ijaarsicha qindeessaa jiran, hojjettoota ijaarsicha keessatti hirmaachaa jiran, akkasumas jiraattota magaalichaa deeggarsa tassisaa jiran galateeffataniiru.   Pirojektoota Misoomaa qarqara lagaa magaalittiitti ijaaramaa jiran 8 keessaa tokko kan ta’e lagni Qabbanaa, Ginfillee fi paarkii piikook qindeeessaa kan jiran Itti Gaafatamaan Paartii Badhaadhinaa damee magaalaa Finfinnee Mogos Baalchaa, Gaaraa Inxooxoorraa ka’ee magaalittii keessa qaxxaamuree kan darbu misoomni qarqara laga Qabbanaa xumuramaa jiru eegumsa bishaaniirra darbee tajaajila biroo kennuun galii argamsiisuuf kan gargaaran ta’uu ibsaniiru.   Missoomni Qarqara lagaa Magaalaa Finfinnee kan darbe nama gabbisiisu, kan boruu kan nama hawwisiisu hawwii gaariidha jedhaniiru. Lagni magaalaa Finfinnee namoota qarqara lagaa jiraataa turanii f yaaddoo taa’aa kan ture ta’uu hogganaan kun ibsaniiru. Yeroo ammaa qarqarri lagaa misoome jireenya abdachiisaa uumeera jedhaniiru.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Hojiileen Dijitaala Itiyoophiyaa 2025 jalatti hojjetaman biyyattiin gara sadarkaa fooyya’aatti akka ceetuuf bu’uura kaa’eera.
Jan 11, 2026 18
Amajji 3/2018(ENA) - Hojiileen Dijitaala Itiyoophiyaa 2025 jalatti hojjetaman biyyattiin gara sadarkaa fooyya’aatti akka ceetuuf bu’uura kaaheera jedhani hayyoonni damichaa Yunivarsiitii Walqixxee. Tarsiimichi yeroo dhiyootti kan ifoome Dijitaala 2030 hojiirra oolchuuf akka galtee guddatti gargaara jechuun ibsani hayyoonni kunniin. Mootummaan badhaadhina Itiyoophiyaa dhugoomsuu fi ariifachiisuuf hojiin dameelee ammayyeessuu Dijitaala Itiyoophiyaa 2030 eegaluun isaa ni yaadatama. Hayyoonni kunniin ENA waliin turtii taasisaniin akka jedhanitti hojiileen Dijitaala Itiyoophiyaa 2025 jalatti hojjetaman biyyattiin gara sadarkaa fooyya’aatti akka ceetuuf bu’uura kaaheera. Yunivarsiitichatti barsiisaa sooftiweerii injinariingii kan ta’an Balaay Alaamnee akka jedhanitti, teknooloojiin dijitaalaa damee qonnaa, fayyaa, barnootaa fi faayinaansii irratti jijjiirama qabatamaa fi faayidaa olaanaa fideera. Tekinooloojiin kuni haala kenniinsa barnootaa fooyyessuun yeroo fi iddoon osoo nama hin daangessiin oonlaayiniin barachuun danda’ameera jedhani. Teekinooloojiin deeggaramuun, haalli kenniinsa qormaataas kan fooyya’eefi nageenyummaan isaas kan eegame ta’uu ibsaniiru. Yunivarsiitii Walqixxeetti barsiisaa Nageenya Saayibarii Neetworkiingii kan ta’an barsiisaa Wandasan Zinnaa gama isaaniitiin, Dijitaalli Itiyoophiyaa 2025 barattootaaf barnoota qabatamaa nageenya saayibarii irratti kennuu fi beekumsa gahaa kennuuf gumaacha olaanaa taasiseera jedhan. Barnoota qulqullina qabu kennuufis Dijitaalli Itiyoophiyaa 2025 gahee olaanaa bahateera waan ta’eef milkaa’ina Dijitaala Itiyoophiyaa 2030f bu’uura ta’uu akka danda’us ibsaniiru. Akka ibsa barsiisaa kanaatti, tekinooloojiin Dijitaalaa kuni akka biyyaatti maallaqa seera malee sosocho’u to’achuurra darbee hannaa fi gowomsaa hambisuuf ni gargaara. Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 kan hunda hammatee fi dhaqqabamaa taasisuuf, dameelee hundaan hojiileenii fi tajaajiloonni kennaman teeknooloojiidhaan akka kennamanii fi ariifachiifaman hojiileen eegalaman cimanii itti fufuu qabu jedhaniiru.
Odeeffannoon saatalaayitoonni Itiyoophiyaa maddisiisan faaydaa hawaasummaa fi diinagdee olaanaa gumaachaniiru.
Jan 8, 2026 156
Mudde 30/2018(ENA)- Odeeffannoon saatalaayitoonni Itiyoophiyaa maddisiisan faaydaa hawaasummaa fi diinagdee olaanaa gumaachaniiru jechuun ibse Inistiitiyuutiin Saayinsii Hawaa fi Ji'oospaashiyaal Itiyoophiyaa. Inistiitiyuutichi bara dhufu saatalaayitii odeeffannoo lafaa kennu sadaffaa gara hawaatti furguggisuuf qophiin taasifamaa jiraachuu beeksiseera. Itiyoophiyaan saatalaayitii jalqabaashee ‘ET-RSS1’ akkasumas lammaffaa immoo ET-SMART-RSS kannee jedhaman saatalaayitoota odeeffannoo gara hawaatti furguggisuun ishee ni yaadatama.   Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutii Saayinsii Hawaa fi Ji’oospashiyaal Itiyoophiyaa Abdiisaa Yilmaa ENAtti akka himanitti, saatalaayitoonni odeeffannoo lafaa lama kanaan dura gara hawaatti ergaman yeroo tajaajila isaanii xumuraniiru. Saatalaayitoonni odeeffannoo lafaa kuni faayidaa teeknooloojii, saayinsii, hawaasummaa fi dinagdee hedduu akka gumaachan himaniiru. Kanaanis wabii nyaataa mirkaneessuun, eegumsa naannoon, eegumsa bulchiinsa qabeenya uumamaan, damee qonnaan, karoora magaalaa fi misooma bu’uuraalee misoomaan, akkasumas dantaa biyyaalessaa fi ijaarsa ilaalcha gaarii biyyaaf gumaacha guddaa akka buusan ibsaniiru. Yeroo ammaa kana saatalaayitii qulqullina suuraa fi dandeettii yeroo olaanaa qabdu ET-RSS2 jedhamtu Muddee 2019 gara hawaatti furguggisuuf hojjetamaa akka jiru beeksisaniiru.   Saatalaayitiin itti aanu furguggifamtu ET-RSS 2 teeknooloojii ammayyaa kan qabdu yoo ta’u, turtii waggaa shanii hawaa irratti akka qabaattu kan eegamu ta’uu ibsameera. Saatalaayitoota kanaan dura furguggifaman irraa odeeffannoo argaman fudhachuu, xiinxaluu, to’achuu fi dandeettii suphuu uumamuun dada’ameera jedhan. Saatalaayitii sadaffaa furguggisuuf tattaaffiin taasifamaa jirus dandeettii misooma saatalaayitii Itiyoophiyaa kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru.
Kalaqawwan teekinooloojiin dargaggoota rakkoo furan 
Jan 5, 2026 238
Kolleejjii Pooliiteeknikaa Jeneraal Wiingeetiitti Leenjisaa kutaa Maanufaakchariingii kan ta'an Warquu Fantaahuunii fi hiriyaan isaanii teeknooloojii indaastirii horsiisa lukkuu Itiyoophiyaa ammayyeessuu kan dandeessisu kalaqan. Godoo horsiisa lukkuu ammayyaa (keejii) kalaquuf kan isaan kakaase horsiisa lukkuu aadaan kan jiru ture ammayyeessuuf akka ta’e ibsaniiru. Keejiin horsiisa lukkuu ammayyaa bakka xiqqoo irratti lukkuuwwan hedduu horsiisuunii fi lukkuuwwanis qulqullinaa fi fayyummaan isaanii haala eegameen akka qabaman isaan taasisa. Kana malees killeen osoo hin cabiin akka guuramu gargaara jedhaniiru. Gara fuula duraatti teekinooloojii kana beeksisuufi baay’inaan oomishuun gabaaf akka dhiyaatu ni ta’a jedhaniiru.   Qaama miidhamtoota haala salphaan nyaachisuu fi dhangala’oo obaasuu kan dandeessisu dargaggoon roobootii kalaqe Kolleejjii Pooliteeknikaa Jeneraal Wiingeetiitti barataa eebbifamaa sadarkaa afraffaa Teeknooloojii Elektirooniksii Industirii barataa Daagim Gaarxaawu dha. Roobootichi tuttuqqaa namaa malee qaama miidhamtoonni haala salphaan akka itti fayyadamaniif kan kalaqamedha jedheera. Hojiin kuni akka milkaa’uuf kollejjichi wantoota barbaachisan deeggarsa ogummaa fi kanneen biroo dhiyeessaafii turuu himeera. Itti aanaan diinii Tajaajila Misooma Teeknooloojii fi Industirii Kolleejjichaa Damee Marshaa walta’iinsa leenjistootaa fi leenjifamtootaan hojiiwwan kalaqaa bu’a qabeessa ta’an hojjetamaa akka jiran ibsaniiru. Kalaqawwan teeknooloojii kolleejjicha keessatti hojjetamanii fi itti fayyadaman keessaa warshaaleen nyaata beeladootaa, godoo(keejii) lukkuu ammayyaa, maashinii pilaastika daakuu, qindeessuu fi maashiniiwwan pilaastika gara oomisha adda addaatti jijjiiruu danda’an kanneen kollejjicha keessatti kalaqaman ta’uu ibsaniiru. Kalaqawwan teekinooloojiiwwan kanneen hawaasa biraan gahuuf qooda fudhattoota waliin walitti dhiyeenyaan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutii Leenjii Teeknikaa fi Ogummaa Fedaraalaa doktar Biruuk Kadir gama isaaniin dhaabbileen leenjii teeknikaa fi ogummaa kalaqxoota teeknooloojii fi teeknooloojiiwwan rakkoo furan horachuu ciminaan hojjechaa akka jiran ibsaniiru. Itiyoophiyaan Oomishaalee teeknooloojii adda addaa biyya birootii galchitu,kan biyya keessaan bakka buusuuf teknooloojiiwwan rakkoo furan haaraa uumuuf hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru. Itti dabaluunis, kalaqni teeknooloojii damee teeknikaa fi ogummaatiin kalaqaman misooma biyyattiif bu’aa jajjabeessaa fidaa jira jedhan. Inistiitiyuutichi sagantaa gabbisa ogummaa biyyoolessaa hojiirra oolchuun, qaamolee adda addaa waliin ta’uun lammiileen kalaqa teeknooloojii irratti bobba’an akka milkaa’aniif deeggarsa gochaa akka jiru ibsaniiru.
Ispoortii
Piriimar Liigii Ingilizitti Taphni Arsenaalii fi Riivarpuul gaggeessan hawwiin eegama
Jan 8, 2026 147
  Mudde30/2018(ENA)– Piriimar liigii Ingiliz sagantaa torban 21ffaan Arsenaalii fi Liivarpuul taphi har’a gaggeessan hawwiin ni eeggama. Taphni kilaboota lamaanii galgala sa’aatii 5:00 Istaadiyeemii Eemmiretisitti gaggeeffama. Arsenaal Dorgommii bara Kanaan taphoota20 gaggeesseen yeroo15 yoo injifatu 2n injifatamee 3n qixaan adda baheera. Arsenaaltaphichaan galchii40 yoolakkoofsisu galchii14 keessummeessee, qabxii 48n sadarkaa 1ffaa qabateera. Morkataansaa Liivarpuul liigichatti tapha20gaggeesseen yeroo10 yoo injifatu yeroo6 mo’ameera afuriin qabxii dhabeera. Taphichaan galchii 32 yoo lakkoofsisu galchii 28 keessummeesseera. Injifataan ligichaa Liivarpuul qabxii 34n sadarkaa 4ffaa qabateera. Arsenaalii fi Liivarpuul Dorgommiiwwan hundaan hanga ammaatti yeroo245n walitti dhufaniiru. Liivarpuul yeroo 96 mo’uun dursummaasaa yoo qabatu Arsenaal gamasaan yeroo 83 yoo injifatu yeroo 66 qixaan adda baheera. Piriimar liigichatti yeroo 67 walitti dhufanii liivarpuul yeroo 26 yoo injifatu Arsenaal yeroo 18 injifateera. Taphoota hafan 23n Qixaan adda bahaniiru. Taphasaanii waliinii 5n darbaniin lamaan isaanii haala walfakkaatuun yeroo tokko yoo injifatan taphoota hafan 3n qixaan adda bahaniiru. Gareewwan lamaanSagantaa liigichaa bara Kanaan tapha marsaa jalqabaa gaggeessaniin Liivarpuul 1fi 0n injifachuunsaa ni yaadatama. Arsenaal yoo injifate hordofaasaa Maanchistar Siitii waliin garaagarummaa qabxii qabu gara 8 ol guddisa. Taphicha Antoonii Teeyiler Tapha gareewwan lamaanii Hawwiin eegamu Abbaaseerummaan gaggeessu.
Dursaan liigichaa Bunni sidaamaa Hadiyyaa Hosaa’inaa waliin taphata
Jan 4, 2026 190
Mudde26/2018(ENA)–pirimar liigii Itiyoophiyaatti torban 13ffa oolmaasaa guyyaa 2ffaan taphoonni 4 gaggeeffamu . Galgala sa’atii 12:00 Hosaa’inaan Buna Sidaamaa waliin Istaadiyeemii Saayinsii fi Teekinooloojii Yuunvarsiitii Adaamaatti taphasaanii gaggeessu. Hadiyyaa Hosaa’inaa liigichatti taphoota 12 gaggeessee yeroo 4 yoo injifatu haaluma walfakkaatuun yeroo 4 mo’ameera. Taphoota hafan 4n qixaan adda baheera. Garichi qabxii 16n sadarkaa 9ffaa qabateera. Morkataansaa Bunni Sidaamaa gamasaan bara dorgomichaatti taphoota 12 gaggeesse keessaa 7 yoo injifatu ,yeroo tokko qofaa mo’ame . Yeroo 4 qabxii qooddateera. Bunni Sidaamaa qabxii 25n liigicha dursaa jira. Sidaamaan yoo injifate dursummaasaa ni cimsata. Hadiyyaa Hosaa’inaa yoo injifate yeroo 4ffaa injifannoo liigichaa galmeessa. Nagellee Arsii Machaal waliin guyyaa sa’aatii 7:00 Istaadiyeemii Finfinneetti taphatu. Guddaattuu haaraan Nagellee Arsiin Bara dorgomichaatti taphoota 12 gaggeessee 5n yoo injifatu 3n mo’ameera. Taphoota 4n qixa adda baheera. Taphichan qabxii 12 galmeessuun sadarkaa 7ffaa qabateera. Morkataansaa Machaal liigichatti taphoota 12 gaggeesse keessaa 4n yoo injifatu yeroo 2 mo’amera. Taphoota 6 hafaniin qabxii dhabeera. Garichi qabxii 20n sadarakaa 6ffaa qabateera. Nagellee Arsiin injifannoon itti fufuuf, Machaal gara Injifannootti deebi’uuf kan taassisanidha. Magaalaan shaggar Baankii daldala Itiyoophiyaa waliin guyyaa sa’aatii 9:00 Istaadiyeemii Saayinsii Fi Teekinooloojii Yuunvarsiitii Adaamaatti taphatu. Guddattuu Haaraan Magaalaan Shaggar qabxii 12n sadarkaa 17ffaa qabatee sadarkaa gad bu’aa keessatti argama. Baankin daldala Itiyoophiyaa qabxii 15n sadarkaa 11ffaa qabateera. Magaalaan Shaggar taphoota sadiin booda gara injifannootti deebi’uuf Baankii Daldala Itiyoophiyaa waliin injifannoo itti fufaa galmeessuuf taphata. Sagantaa biroon Bunni Itiyoophiyaa Midiregannat Shire waliin guyyaa sa’aatii 10:00 irratti taphatu. Bunni Itiyoophiyaa qabxii 15n sadarkaa 13faa qabateera. Midiregannet Shireen qabxii 14n sadarkaa 14 qabateera. Taphichaan Bunni Itiyoophiyaa inifannoo ittifufaa galmeessuuf , Midiregannat Shireen taphoota ittifufaa 4n booda gara injifannootti deebi’uuf kan taphatanida.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Godina Shawaa Bahaatti hojiin misooma suluulaa Qindaa’aan namoota kuma 400 ol hirmaachisu ni gaggeeffama
Jan 9, 2026 86
Amajjii 1/2018 (ENA)-Naannoo Oromiyaa GodinaShawaa Bahaatti hojiin misooma suluulaa Qindaa’aan namoota kuma 400 ol hirmaachisu akka gaggeeffamu Waajjirri Qonnaa Godinichaa beeksise. Waggoottan darban hojiin eegumsa Biyyee fi Bishaanii Hirmaanaa Hawaasaan hojjetaman qabeenya uumamaa eeguudhaan bishaan lafarraa fi lafa jalaa akka dagaagan taassiseera. Baranas hojii kana godinichatti itti fufuun Sululawwan manca’an deebisanii misoomsuun gabbina biyyee fi dhiibbaa jijjiirama haala Qilleensaa dandamachuuf kan deeggaranidha. Itti Aanaan Waajjira Qonnaa Godina Shawaa bahaa Obbo Abinnat Zagayyee ENA’f akka ibsanitti hojiiwwan eegumsa biyyee fi biashaanii waggaa waggaan gaggeeffamaniin jijiiramni qabatamaan argamaniiru. Godinichatti hojicha itti fufsiisuuf hojiin misooma suluulaa qindaa’aan namoota kuma 421 fi 651 hirmaachisu gaggeessuuf qophiin taasifamuu beeksisaniiru. Kanaanis sululawwan 270 giddu galeeffachuun lafti hektaaraa kuma 119 fi 495 akka misoomu dubbataniiru. Sochii Kanaan hojiin eegumsa biyyee hojjechuun lafti miidhaman akka bayyanatan xiyyeeffannoon kennamuu ibsaniiru. Kunis mancaatii lafaan miidhaa gahuu hir’isuu fi omishtummaa lafaa guddisuuf akka dandeessisu eeraniiru. Akkasumas lafa rakkoo nam-tolchee fi uumamaan miidhaman namaa fi belladarraa ittisuun deebi’ee akka bayyanatu gochuuf hojjetama jedhaniiru. Karoora bara kanaa fiixaan baasuuf sadarkaa sadarkaan qindoominaan hojjechuu fi bu’aan deeggaruun akka barbaachisu eeruun misoomni sululaa Qindaa’aan guyyoota 30f akka gaggeeffamu dubbataniiru.
Godinichatti hojii kunuunsa qabeenya bishaanii fi biyyee hojjetameen naannoo lafa manca’etti misoomsuun oomishaa fi oomishtummaa dabaluuf hojjetamaa jira
Jan 8, 2026 94
Mudde 30/2018 (ENA): Naannoo Oromiyaa Godina Boorana Bahaa keessatti lafa manca’e misoomsuun hojii kunuunsa biyyee fi bishaaniin oomishtummaa guddisuuf hojiin hojjetamaa jiraachuu Waajjirri Qonna Godinichaa beeksise. Dursaan Garee Adeemsa Hojii Eegumsa Bosonaa Waajjirichaa obbo Aliyyee Arabaa akka jedhanitti, hojii kunuunsa biyyee fi bishaaniitiin naannoo godinichaa keessatti lafa manca’e misoomsuun oomishtummaa guddisuuf hojjetamaa jira. Hojii kunuunsa biyyee fi bishaaniitiin lafti heektaara kuma 52 fi 500 ol uwwisu, bishaan kuufamaa 105 kan misoomsaman ta’uu ibsaniiru. Hojii kana galmaan gahuuf gaggeessitoonni gandootaa fi hojjettoonni buufata misoomaa 379 leenjii ijaarsa dandeettii fudhachuu isaanii eeraniiru. Godinichatti baatiiwwan Bonaa keessatti miseensonni hawaasaa kuma 226 ol hojii misooma bishaan kuufamaa irratti akka hirmaatan akeekaniiru. Ji’oota Bonaa keessatti hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii, lafa margaa dabalatee, tuttuqaa beeladootaa fi namaa irraa bilisa gochuun, ganna dhufutti misooma ashaaraa magariisaatiin akka uwwisamuuf karoorfamuu dubbataniiru.   Hojiin lafa margaa manca’ee fi miidhame heektaara kuma 38 fi 244 tuttuqaa irraa bilisa gochuu qaama misooma bishaan kuufamaa ta’uu ibsaniiru. Hojii kunuunsa biyyee fi bishaanii ji’oota Bonaa keessatti hojjetamaa jiruun cinattis hojiin biqiltuu yeroo gannaa dhaabanii biqiltoonni miiliyoona 36 qophaa’aa jiraachuu himaniiru. Hojiiwwan misooma kunuunsa biyyee fi bishaanii waggoota darban keessatti hojjetaman gogiinsa godinicha keessatti mudate damdamachiisuun, wabii nyaataa mirkaneessuuf tattaaffii taasifamaa jiru keessatti gumaacha olaanaa fideera.   Hojii misoomaa kana eegalchiisuuf kan dandeessisan Meeshaaleen qonnaa aanaalee godinicha keessa jiran hundaaf kennamuu eeraniiru. Godinichi gammoojjummaa fi hanqina roobaa akkasumas hongeef waan saaxilamuuf horsiifni beeladootaas bal’inaan akka adeemsifamu himaniiru.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 16431
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 1628
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan.   Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru.   Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru.   Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.  
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015