ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Tajaajilli Wiirtuu tokkoo Masoob sirna hirmaachisaa lammiileen hundi walqixa itti keessummeeffamanidha
Oct 8, 2026 136
Fulbaana 28/2019 (ENA): Tajaajilli Wiirtuu tokkoo Masoob sirna hirmaachisaa lammiileen hundi walqixa itti keessummeeffaman ta’uun ibsame. Tajaajilli wiirtuu tokkoo masoob tajaajila si’ataa fi amansiisaa ta’e uumuun amantaa tajaajilamtootaa kan cimsu ta’uu Sadarkaa Itti Aanaa Pirezidaantii oromiyaatti Bulchaan Godina kibba bahaa Oromiyaa Obbo Ahimad Idriis ibsan. Obbo Ahimad tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob magaalaa Dalloo Mannaatti ijaarame eebbisanii hojiif banaa taasisaniiru. Bulchaan Godinichaa akka jedhanitti, mootummaan naannichaa tajaajila bu’uuraa lammiileen mootummaarraa argatan ammayyeessuu irratti xiyyeeffannoon hojjechaa jira. Rakkoo kenninsa tajaajilaa fi qaamolee adda addaa biratti mul’atu furuuf tajaajilli wiirtuu tokkoo furmaata tokko ta’uusa dubbataniiru. Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob lammiileen kabajaa fi si’oominaan akka tajaajilaman, akkasumas dhaabbilee irratti amantaa akka horatan kan taasisu ta’uu ibsaniiru. Aanaalee godinichaa hunda tajaajila wiirtuu tokkoo babal’isuun dhiyeessii tajaajila mootummaa si’ataa ta’e uumuuf hojjetamaa jira jedhaniiru. Obbo Ahimmad tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob imala Dijiitaala Itoophiyaa qabame kan deeggaru ta’u ibsaniiru. Kana malees, tajaajilichi lammiilee baasii hin barbaachisne irraa kan baraaruu ta'uu dubbataniiru. Gama biraatiin, Bulchaan Aanicha Obbo Umar Mahaammad, tajaajilli wiirtuu tokkoo tajaajiloota 82 wiirtuu tokkotti kan dhiyeessu ta’uu dubbataniiru. Tajaajilli wiirtuu takkaa Mesob sirna hirmaachisaa lammiileen hundi walqixxummaan itti tajaajilaman ta’uu isaas eeraniiru.
Itti Aantuu Barreessaa Olaanaa dhaabbata mootummaata Gamtoomanii Aminaa Muhaammad daawwannaa hojiitiif Finfinnee galan
Oct 8, 2026 204
Fulbaana 28/2019 (ENA) Itti Aantuu Barreessaa Olaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UN) Aminaa Muhaammad daawwannaa hojiitiif Finfinnee galaniiru. Itti Aantuun Barreessaa Olaanaa yeroo Buufata Xiyyaara Idil-addunyaa Boolee gahan, De’eetaan Ministira Dhimma Alaa Ambaasaaddar Birhaanuu Tsaggaayeetiin simannaan taasifaseeraf. De’eetaan Ministiraa akka ibsanitti, daawwannaan Itti Aantuu Barreessaa Olaanaa kun dhimmoota waloo Itoophiyaan fi Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii dursa kennaniif irratti marii’achuu fi hariiroo waggoota dheeraa qaban caalaatti cimsuuf carraa dabalataa kan uumu ta'uu ibsaanii odeeffannoon Ministeera Dhimma Alaa irraa argame mul’isa
Irreecha Malkaa Ateeteetti kabajamuuf haaldureen barbaachisu xumuramuun ibsame
Oct 8, 2026 168
Fulbaana 28/2019(ENA): Magaalaa Shaggar Kutaa magaalaa Gafarsa Gujeetti Irreecha Malkaa Ateeteetti onkoloolessa kabajamuuf haaldureen barbaachisu xumuramuun ibsameera. Irreechi Sirna galateeffannaa Uummanni Oromoo Ganna Gurraacha irraa gara booqaa Birraatti darbuu isaatiif Uumaa isaa galateeffatu yootahu, mallattoo Obbolummaa, Tokkummaa, Jaalalaafi Araaraati! Irreechi Malkaa Ateetee bara kana Onkoloolessa 1 kan kabajamu yoo ta’u Ayyaannichi karaa duudhaa isaa eeggateen bifa miidhagina qabuun akka kabajamuuf qophiin garaagaraa taasifamaa jira. Haaluma Kanaan kutaa Magaalaa Gafarsa Gujeetti Kantiibaa Magaalaa Shaggar Dr.Tashooma Addunyaa, I/G Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Magaalaa Shaggar obbo Alamaayyoo Tulluu, Itti Aanaa Kantiibaan Magaalaa Shaggar obbo Guyyoo Galgaloo, Bulchituun Kutaa Magaalichaa Aadde Boontuu Waaggaarii, I/G Waajjira Paartii Bsdhaadhinaa damee Kutaa Magaalichaa Obbo Tafarii Nigaatuu fi Hooggansi garaagaraa qophii Kabaja Ayyaanichaatiif taasifamaa jiru daawwataniiru. Uummanni naannichaa kabaja Irreecha Malkaa Ateetee Onkoloolessa 1/2019 gaggeefamu ilaalchisee keessummoota dhufan simachuuf qophii xumuruu dubbataniiru.
Miseensota Kaabinee Mootummaa Ida’amuu Dooktar Abiyyi Ahimad Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf dhiyeessun muudaman.
Oct 8, 2026 199
Miseensota Kaabinee Mootummaa Ida’amuu Dooktar Abiyyi Ahimad Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf dhiyeessun muudaman. Haaluma kanaan: 1. Dooktar Geediyoon Xiimootiwoos – Ministira Dhimma Alaa 2. Obbo Addisuu Araggaa – Ministira Qonnaa 3. Dooktar Fitsum Asaffaa-Ministira Maallaqaa 4. Obbo Mahaammad Idiriis- Ministira Raayyaa Ittisa Biyyaa 5. Pirofeesar Birhaanuu Naggaa – Ministira Barnootaa 6. Aadde Haannaa Ar’aayaasillaasee – Ministira Haqaa 7. Aadde Yaasmiin Wahaabirabbii- Ministira Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa 8. Dooktar Fissahaa Yittaagasuu- Ministira Indaastirii 9. Dooktar Injiinar Habtaamuu Ittafaa- Ministira Bishaaniifi Inarjii 10. Dooktar Maqdas Dhaabaa- Ministira Fayyaa 11. Obbo Awwaluu Abdii- Ministira Hojiifi Ogummaa 12. Aadde Ayinaaleem Nigusee – Minsitira Galiiwwanii 13. Obbo Barakat Fissahaatsiyoon – Ministeera Tarsiimoo Biyyaalessaa 14. Aadde Salamaawiit Kaasaa – Ministira Aadaa fi Turizimii 15. Aadde Alemtsahaay Phaawuloos – Ministira Albuudaa 16. Obbo Sadaat Nashaa – Ministira Loojistiksii 17. Aadde Shawiit Shaankaa – Ministira Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa 18. Obbo Muusaa Adam – Ministira Nageenyaa 19. Aadde Fireehiyiwaat Taammiruu – Ministira Innooveeshinii fi Teeknooloojii 20. Injinar Mahammaad Abdurrahimaan – Ministira Magaalaa fi Bu’uuraalee Misoomaa 21.Dooktar Injinar Sulxaan Walii - Ministira Jallisii fi Gammoojjii 22. Dooktar Akliiluu Taaddasaa - Ministira Dargaggoo fi Ispoortii ta’uun kaadhimamaniiru.
Riifoormii fi imaamata damee Turiizimii caalatti dorgomaa taasisuuf hirmaannaan hawaasaa fi qooda fudhattootaa murteessadha
Oct 8, 2026 129
Fulbaana28/2019 (ENA) Riifoormii fi imaamata damee Turiizimii caalatti dorgomaa taasisuuf hirmaannaan hawaasaa fi qooda fudhattootaa murteessata’uun ibsameera. Gumiin balballoommii Tajaajila Kominikeeshinii Oromiyaan qophaa'u dhimmoota sochii turizimiifi fayyadamummaa hawaasaan walqabatan ilaalchisuun Biiroo Tuurizimii Oromiyaa waliin turtii taasiseera. Gumiin Balballoommii tajaajilichaan qophaa'u akka naannichaatti dhimmoota dinagdee, hawaasummaa, nageenyaa fi kanneen biroorratti qorannoo bal'aa erga taasiseen booda sektera dhimmi ilaallatuuf firii qorannoo isaa dhiyeessuun kallattii furmaataa irratti ni mariisisa. Haaluma kanaan qorannoo misooma tuurizimii keessatti gaggeesseen hanqinoota jedhee kan adda baaseefi kallattii furmaataarratti mariyateera. Dhimmoota kana keessaas harkifannaa pirojeektii naannoo hawwata tuurizimii, fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuurratti, faalama naannoo to'achuun walqabatee, hanqina mana nyaataafi loojiiwwanii kanneen biroo mul’atanirratti xiyyeeffate. Biiroo Tuurizimii Oromiyaarraa Obbo Naggaa Wadaajoo marii gaggeeffame kanarratti mootummaan jijjiiramaa guyyaa jijjiiramaa eegalee damee dinagdee keessaa sektera tuurizimiif xiyyeeffannoo addaa kennee hojii hojjeteen bu'aalee hedduufi abdachiisaan argamaa dhufuu himaniiru. Keessumaa riifoormiifi imaammata damee tuuriizimiirratti taasiseen bakkeewwan hawata turizimii turanii fi haaraan hedduun bakka qaqqabinsa tuuriizimii taasifamuun yaa'insi tuuristootaas dabalaa dhufeera. Haa ta’u malee sadarkaa barbaadamuun hawaasa irraa fayyadamaa taasisuuf hojiin guddaa kan hafuu fi qindoomina olaanaan hojjetamuu kan gaafatudha jedhan. Damee turizimii hawaasa hin hirmaachisne dinagdee maddisiisuun jijjiirama barbaadamu fiduun kan hin danda’amne ta’uu Obbo Naggaa ibsaniiru. Hawaasni naannichaa damee turizimii keessatti adda durummaan akka hirmaatuufi irraa fayyadamu taasifamaa kan jiru ta’uu kaasaniiru. Kanaaf mootummaan hirmaannaafi fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuu, qindoomina qooda fudhattootaa cimsuu, abbootii qabeenyaa hirmaachisuurratti xiyyeeffatee hojjetaa jiraachuu eeraniiru. Damicharraa adda durummaan fayyadamummaafi hirmaanna uummataa mirkaneessuudha kan jedhan Obbo Naggaan kana waanta'eef dhimmoota akka qaawwaatti ka'anirratti mootummaan kan hojjetuu cinaatti hirmaannaafi qoodafudhannaan hawaasaafi damee dhuunfaa murteessaa ta'uu ibsaniiru. Dursaan Garee Kominikeeshinii biirichaa Ashannaafii Habtee biyyi keenyas ta'e naannoon keenya hambaa qabatamaa fi hambaalee kiliyaa hedduu waan qabduuf yaa'insi tuuristootaa dabalaa jiraachuu ibsaniiru. Turtii tuuristootaa dheeressuuf,hojiin beeksisaa fi piromooshinii bal'aan hojjetamaa ture caalaatti itti fufee hojjetamuu akka qabu obbo Ashannaafiin ibsaniiru. Qabeenya tuurizimii naannoon keenya qabdu qixaan beeksisuufi galii biyyi argachuu qabdu akka argattu taasisuu keessatti gaheen miidiyaaleefi kominikeeshinii olaanaa waanta'eef qindoominni cimuu akka qabu dhaamaniiru. #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa# Mul'ata Guddaa#
Siyaasa

Gamtaan Awurooppaa mootummaa Itoophiyaaf ergaa baga gammaddanii dabarse
Oct 8, 2026 156
Fulbaana 28 /2019 (ENA): Gamtaan Awurooppaa mootummaa Itoophiyaa haaraa ijaarameef ergaa baga gammaddanii jedhu dabarseera. Gamtaan Awurooppaa ibsa kenneen mootummaan haaraan kun ummata Itoophiyaa tajaajiluu fi biyya nagaa, tasgabbii fi badhaateef bu’uura kaa’uu irratti milkaa’ina hawweera. #Mootummaa Ida'amuu #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa fi Mul’ata Guddaa! Miseensa Maatii ENA ta’aa: https://www.ena.et/web/links
Miseensonni kaabinee hawwii Itoophiyaa kan dhugoomsanii fi ummata amanamummaadhan kan tajaajilan ta'uu qabu- Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad
Oct 8, 2026 156
Fulbaana 28/2019(ENA Miseensonni kaabinee hawwii Itoophiyaa kan dhugoomsanii fi ummata amanamummaadhan kan tajaajilan ta'uu akka qaban Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad ibsan. Miseensi Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa 7ffaa bara hojii 1ffaa walgahii idilee 1ffaa isaanii gaggeessaniiru. Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad kaabinee mootummaa Ida’amuu Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataatiif dhiyeessaniiru. Manni marichaas muudama kaabinee kanaa mirkaneesseera. Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad muudamicha ilaalchisee yaadonni miseensota mana maree irraa kennaman guutummaatti kan fudhatamuufi ijaarsa kan qabu ta'uu ibsaniiru. Ulaagaa jalqabaa irratti miseensonni kaabinee yeroo hunda barachuuf qophaa'oo ta'uun akka isaan irraa eegamu dubbataniiru. Harki keenyaa fi garaan keenya qulqulluu ta'uu akka qabuu fi tajaajiltoota ta'uu akka qabanis ibsaniiru. Ministiroonni kunis hanna irratti qabsaa’uu, fi ittisuu irratti cimanii hojjechuu akka qabanis ibsaniiru. Ministiroonni kunneen kutannoodhaan hojechuu fi tajaajiluun akka isaan irraa eegamu hubachiisaniiru. Kaabinee kana gurmeessuuf ji'oota baay'ee fudhatamee kan irratti hojjetame ta'uu ibsuun, hamma danda'ametti ulaagaa barbaachisu guutuu isaanii mirkaneessuuf tattaaffiin taasifamuu hubachiisaniiru. Muudama miseensota kaabinee keessatti hirmaannaan dubartootaa hirmachisummaa kan agarsiisuufi biyyoonni biroos muuxannoon irraa fudhachuu kan qaban ta'uu dubbataniiru. Miseensonni kaabinee dubartoota ta'an kan filataman saala qofaaniin osoo hin ta’iin dadeettii hojii fi dandeettii raawwachiisuun ta'uu ibsaniiru. Ministiroonni kun hawwii Itoophiyaa raawwachuu fi tajaajila lammiilee giddu-galeessa kan godhate hojechuu qabu jedhaniiru. Mani marichaa dandeettiifi hojii miseensota kaabinee irratti hordoffii barbaachisu gochuudhaan yaada gorsaa akka dhiyeessu waamicha dhiyeessaniiru.
Miseensonni Kaabinee Mootummaa Ida’amuu har'a dhiyaatan karoora biyyaalessaa milkeessuu fi badhaadhina Itoophiyaa itti fufsiisuu akka qaban irraa eegama-Ministira Muummee Dooktar Abiyyi Ahimad
Oct 8, 2026 154
Fulbaana 28/2019 (ENA) Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi Ahimad Kaabinee Mootummaa Ida’amuu haaraa har’a Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti muudamaaf dhiyeessaa jiru. Miseensonni kaabinee muudamaaf dhiyaatan kun karoora biyyaalessaa qabame milkeessuu, badhaadhina Itoophiyaa itti fufsiisuu fi cichoomina biyyattii cimsuu keessatti gahee olaanaa akka bahaatan kan irraa eegamu ta’u Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi Ahimad dubbatan. Miseensonni kaabinee kunneen dandeettii raawwachiisummaa, muuxannoo hojii, sadarkaa barnootaa fi gahumsa isaaniin mootummaa gahumsa qabu ijaaruu fi hojii mootummaa itti fufsiisuuf dandeettii qaban irratti hundaa’uun muudamaaf dhiyaataniiru. Dabalataanis, imaammatawwan mootummaa milkeessuu, rakkoolee hawaasaa furuufi jijjiirama jireenyaafi jireenyaa uummataa keessatti bu’aa qabatamaa fiduu danda’an ta’uun isaanii xiyyeeffannoo keessa galfameera. Muudama kaabinee kana keessatti sabdaneessummaa biyyattii calaqqisiisuuf bakka bu’ummaa naannolee, sabootaafi sablammoota akkasumas saalaaf xiyyeeffannoon kennamu himan Miseensonni kaabinee har’a muudamaaf dhiyaatan, kaayyoo mootummaa galmaan ga’uu, karoora biyyaalessaa qabame hojiitti hiikuu fi fedhii uummataa deebisuuf imaanaa guddaa kan itti kennamu ta’uun isaanii eegama jedhan. Walumaagalatti, kaabineen haaraan kun badhaadhina Itoophiyaa itti fufsiisuu, cichoomina biyyattii caalaatti mirkaneessuu fi karoora misoomaa biyyaalessaa milkeessuu keessatti gahee murteessaa akka taphatan irraa eegama. Biyya Guddoo, Ummata Guddaa fi Mul'ata Guddaa!
Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad kaadhimamtoota kaabinee dhiheessan
Oct 8, 2026 152
Fulbaana 28/2019(ENA) Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad kaadhimamtoota kaabinee dhiheessaniiru. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Aadde Haannaa Ar’aayaasillaasee Ministira Haqaa ta’anii akka tajaajilan, Mana Maree bakka bu'oota uummataatiif kaadhimamummaan dhiheessaniiru. Haaluma walfakkaatuun , Dooktar Fissahaa Yittaagasuu- Ministira Indaastirii, Dooktar Maqdas Dhaabaa- Ministira Fayyaa, Aadde Ayinaaleem Nigusee – Minsitira Galiiwwanii ta’anii akka tajaajilaniif kaadhimammuummaan dhiheessaniiru.
Ministirri Muummee Muummee Dr. Abiyyi Ahimad , Pirofeesar Birhaanuu Naggaa Ministira Barnootaa ta’anii akka tajaajilaniif kaadhimamummaan dhiheessan
Oct 8, 2026 153
Fulbaana 28/2019(ENA) Ministirri Muummee Muummee Dr. Abiyyi Ahimad , Pirofeesar Birhaanuu Naggaa Ministira Barnootaa ta’anii akka tajaajilaniif kaadhimamummaan dhiheessaniiru. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Muudama Ministirootaa Bakka Bu’oota Ummataaf dhiyaassaa jiru.
Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad , kaadhimamtoota kaabinee Mana maree bakka bu'oota uummataaf dhiheessan
Oct 8, 2026 130
Fulbaana 28/2019(ENA) Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad , kaadhimamtoota kaabinee Mana maree bakka bu'oota uummataaf dhiheessaniiru. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad , Obbo Saadaat Nashaa ministira Loojistiksii ta’anii akka tajaajilaniif Bakka Bu’oota Ummataaf dhiyaassaniiru. Akkasumas Ministirri Mummee Dr. Abiyyi Ahimad, Aadde Alamtsahay Phaawulos Ministira Albuudaa, ta'anii akka tajaajilaniif Mana Maree bakka bu'oota uummataaf dhiyeessaniiru. Haaluma walfakkaatuun , Ministirri Mummee Dr. Abiyyi Ahimad, Dr.Akliiluu Taaddasaa Ministira Dargaggoo fi Ispoortii , Aadde Shawwiit Shaankaa ministira dhimmaa dubartootaa fi Hawaasummaa , Dr.Sulxaan Walee Ministira Jallisii fi Naannawaa gammoojjii ta’anii akka tajaajilaniif kaadhimammuun dhiheessan. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Muudama Ministirootaa Bakka Bu’oota Ummataaf dhiyaassaa jiru.

Hawaasummaa
Irreecha Malkaa Ateeteetti kabajamuuf haaldureen barbaachisu xumuramuun ibsame
Oct 8, 2026 168
Fulbaana 28/2019(ENA): Magaalaa Shaggar Kutaa magaalaa Gafarsa Gujeetti Irreecha Malkaa Ateeteetti onkoloolessa kabajamuuf haaldureen barbaachisu xumuramuun ibsameera. Irreechi Sirna galateeffannaa Uummanni Oromoo Ganna Gurraacha irraa gara booqaa Birraatti darbuu isaatiif Uumaa isaa galateeffatu yootahu, mallattoo Obbolummaa, Tokkummaa, Jaalalaafi Araaraati! Irreechi Malkaa Ateetee bara kana Onkoloolessa 1 kan kabajamu yoo ta’u Ayyaannichi karaa duudhaa isaa eeggateen bifa miidhagina qabuun akka kabajamuuf qophiin garaagaraa taasifamaa jira. Haaluma Kanaan kutaa Magaalaa Gafarsa Gujeetti Kantiibaa Magaalaa Shaggar Dr.Tashooma Addunyaa, I/G Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Magaalaa Shaggar obbo Alamaayyoo Tulluu, Itti Aanaa Kantiibaan Magaalaa Shaggar obbo Guyyoo Galgaloo, Bulchituun Kutaa Magaalichaa Aadde Boontuu Waaggaarii, I/G Waajjira Paartii Bsdhaadhinaa damee Kutaa Magaalichaa Obbo Tafarii Nigaatuu fi Hooggansi garaagaraa qophii Kabaja Ayyaanichaatiif taasifamaa jiru daawwataniiru. Uummanni naannichaa kabaja Irreecha Malkaa Ateetee Onkoloolessa 1/2019 gaggeefamu ilaalchisee keessummoota dhufan simachuuf qophii xumuruu dubbataniiru.
Riifoormii fi imaamata damee Turiizimii caalatti dorgomaa taasisuuf hirmaannaan hawaasaa fi qooda fudhattootaa murteessadha
Oct 8, 2026 129
Fulbaana28/2019 (ENA) Riifoormii fi imaamata damee Turiizimii caalatti dorgomaa taasisuuf hirmaannaan hawaasaa fi qooda fudhattootaa murteessata’uun ibsameera. Gumiin balballoommii Tajaajila Kominikeeshinii Oromiyaan qophaa'u dhimmoota sochii turizimiifi fayyadamummaa hawaasaan walqabatan ilaalchisuun Biiroo Tuurizimii Oromiyaa waliin turtii taasiseera. Gumiin Balballoommii tajaajilichaan qophaa'u akka naannichaatti dhimmoota dinagdee, hawaasummaa, nageenyaa fi kanneen biroorratti qorannoo bal'aa erga taasiseen booda sektera dhimmi ilaallatuuf firii qorannoo isaa dhiyeessuun kallattii furmaataa irratti ni mariisisa. Haaluma kanaan qorannoo misooma tuurizimii keessatti gaggeesseen hanqinoota jedhee kan adda baaseefi kallattii furmaataarratti mariyateera. Dhimmoota kana keessaas harkifannaa pirojeektii naannoo hawwata tuurizimii, fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuurratti, faalama naannoo to'achuun walqabatee, hanqina mana nyaataafi loojiiwwanii kanneen biroo mul’atanirratti xiyyeeffate. Biiroo Tuurizimii Oromiyaarraa Obbo Naggaa Wadaajoo marii gaggeeffame kanarratti mootummaan jijjiiramaa guyyaa jijjiiramaa eegalee damee dinagdee keessaa sektera tuurizimiif xiyyeeffannoo addaa kennee hojii hojjeteen bu'aalee hedduufi abdachiisaan argamaa dhufuu himaniiru. Keessumaa riifoormiifi imaammata damee tuuriizimiirratti taasiseen bakkeewwan hawata turizimii turanii fi haaraan hedduun bakka qaqqabinsa tuuriizimii taasifamuun yaa'insi tuuristootaas dabalaa dhufeera. Haa ta’u malee sadarkaa barbaadamuun hawaasa irraa fayyadamaa taasisuuf hojiin guddaa kan hafuu fi qindoomina olaanaan hojjetamuu kan gaafatudha jedhan. Damee turizimii hawaasa hin hirmaachisne dinagdee maddisiisuun jijjiirama barbaadamu fiduun kan hin danda’amne ta’uu Obbo Naggaa ibsaniiru. Hawaasni naannichaa damee turizimii keessatti adda durummaan akka hirmaatuufi irraa fayyadamu taasifamaa kan jiru ta’uu kaasaniiru. Kanaaf mootummaan hirmaannaafi fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuu, qindoomina qooda fudhattootaa cimsuu, abbootii qabeenyaa hirmaachisuurratti xiyyeeffatee hojjetaa jiraachuu eeraniiru. Damicharraa adda durummaan fayyadamummaafi hirmaanna uummataa mirkaneessuudha kan jedhan Obbo Naggaan kana waanta'eef dhimmoota akka qaawwaatti ka'anirratti mootummaan kan hojjetuu cinaatti hirmaannaafi qoodafudhannaan hawaasaafi damee dhuunfaa murteessaa ta'uu ibsaniiru. Dursaan Garee Kominikeeshinii biirichaa Ashannaafii Habtee biyyi keenyas ta'e naannoon keenya hambaa qabatamaa fi hambaalee kiliyaa hedduu waan qabduuf yaa'insi tuuristootaa dabalaa jiraachuu ibsaniiru. Turtii tuuristootaa dheeressuuf,hojiin beeksisaa fi piromooshinii bal'aan hojjetamaa ture caalaatti itti fufee hojjetamuu akka qabu obbo Ashannaafiin ibsaniiru. Qabeenya tuurizimii naannoon keenya qabdu qixaan beeksisuufi galii biyyi argachuu qabdu akka argattu taasisuu keessatti gaheen miidiyaaleefi kominikeeshinii olaanaa waanta'eef qindoominni cimuu akka qabu dhaamaniiru. #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa# Mul'ata Guddaa#
“Tokkummaan keenya Utubaa Amansiisaa Itoophiyaa Ceesisu Ta’uu Agarsiifneerra!” Pirezidaant Shimallis Abdiisa
Oct 4, 2026 629
Fulbaana 24/2019(ENA): Piresidaantiin Mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa Irreechi nagaan xumuramuu ilaalchisee ergaa dabarsaniiru. Guutuun ergichaa akka itti aanutti dhiyaateera. Irreechi bara 2019 alaa manaan wayyoomeera. Waatiifi maatiin golaafi goorrootti, sabaanis bantii duudhaafi safuu keenyaa Malkaa Finfinneefi Hora Harsadeetti Irreeffannee milkoofneerra. Milkiinis qajeelee abbaan sirnichaa Oromoonis ayyaanomeera. Uummatni naannoofi biyya keenyaa martii baga hoofkaltan; baga waliin hoofkalle. Irreechi ayyaantummaadha; ayyaantummaanis waggaa maree dhufu nagaa, eebbaafi milkaa’ina fidee dhufa. Malkaa Finfinneefi Hora Harsadeetti Irreeffannee irraa goras hooddachuun injifannoo keenya tikfachaa tokkummaa keenyas jabeeffachaa bara haaraatti ceeneerra. Uumaan keenya ba’aafi galatti nu gargaaree gufuufi gufaata nu baraaree galateeffannaa keenya kan nuuf simate inni haa ulfaatu. Irreechi tokkummaa, nagaafi jaalala humna walooma keenya jabeessuun tokkummaa keenyas bu’uura jabaarratti bu’uuressaa dhufedha. Irreeffannaa keenya bara kanaatiinis tokkummaa keenya cimsinee obbolummaa sabootaas mirkaneessuun ijaarsa waliigaltee biyyaalessaaf humna taaneerra. Imala ijaarsa biyyaa keessatti boqonnaa haaraa saaqamaa jiruun Oromoon karaa hin reeqqifneen Oromiyaa ijaaraa, Itoophiyaa Utubaa duudhaa eenyummaasaa itti fufuu akka danda’u agarsiifneerra. Wayyoomni jabaafi ilaalamni guddaan kun waan guyyaa tokkotti uumame osoo hin taane falaasama jireenyaafi sansaka namoomaa qormaatota injifatee jiraataa kan dhufe itita safuufi aadaa Oromoo; icciitii tokkummaan ijaaramedha. Oromummaan tokkummaadha; kabajaafi jaalala waloomaa keenya tiksu; mana eenyuyyuu, sababa kamiinuu harkasaa irratti olkaasuu hin qabne ta’uu akka hubatamun barbaada. Duudhaan keenyas guddaadha; safuun keenyas idil-addunyaawaadha. Ilaalamni keenyas maxxanaa miti; ofdanda’aa ta’uusaa miraan osoo hin taane beekumsa ogummaan masakameen hunduu hubachuun qajeelfamee akka ittiin jiraatu hubachiisuun fedha. Imala ijaarsa Itoophiyaa aarsaa nu gaafatu hunda kaffallee itti gaafatamummaa seenaa nu harka jiru milkeessinee yeroon Afrikaaf ifa taanee Addunyaa raajeffachiifnu ga’eera. Hoggansa tarsiima’aa kana milkeessuuf uummata qorqalbiin guutuu ilaafi ilaameen qajeelfamee mareefi marabbaan bulu horachaa dhufneerra. Kanaafis dambaliin kabaja Ayyaana Irreechaa Malkaa Finfinneefi Hora Harsadeerratti argame qaama injifannoo kanaati. Sabootni, sablammootniifi uummattootni Irreecha irratti argamuun nu waalchitan hundi kabajamaa ulfina argadhaa. Waloomni keenya kabaja biyyaati. Waliin milkoofnee waliin waggaa haaraatti ceeneerra. Mootummaan Naannoo Oromiyaa walooma kana bu’uura amansiisaa irratti dhaabuuf cimsee kan hojjetu ta’a. Lammilee biyya alaa duudhaafi safuu keenya daawwatamee hin quufamnetti boqotan jaalala Oromummaan simannee ulfina itti agarsiifneerra. Obbolootni keenya biyya alaafi keessaa Irreechaa xiyyeeffannoo Addunyaa akka ta’uuf hojjettan galatoomaa ulfaadhaa jenneerra. Jiraattotni magaalaa Bishooftuus dhangaa dhamdhamsiiftanii Hora qopheessitanii keessummoota simachuun gaggeessaa kabajaas waan taasiftaniif galata argadhaa. Qaamoliin Nageenyaa nagaa Irreeffattootaa tiksuuf halkaniifi guyyaa hojjetan hundaaf galatan qaba. Ogeessotni miidiyaa biyya keessaafi alaa hundi sirna Oromoo qe’ee isaatti argamtanii tamsaasa sirnaawaa waan taasiftaniif isin dinqisiifachuun barbaada. Kabajamaa uummata keenya Malkaa Finfinneetti akkuma milkoomne Hora Harsadeettis wayyoomneerra. Ulfoo keessanitti kabaja hortanii keessummaa karra hundaan dhufe simattanii nyaachisuurratti gaarummaan magaalaa Finfinneetti mul’ate magaalaa Bishooftuuttis dabalameera. Gaarummaan Irreeffannaa irratti mul’ate; jaalalaafi tokkummaa oljedhee ife kana cimsitanii akka bulfattaniifi daran kunuunfattan waamichakoon isiniif dhiyeessa. Oromiyaa ni ijaarra, Itoophiyaa ni utubna, Gaanfa Afriikaa ni tasgabbeessina; Waaqayyos nu gargaara! Shimallis Abdiisaa, PMNO Fulbaana 2019 Finfinnee #Biyya_Guddoo #Uummata_Guddaa #Mul'ata_Guddaa #Ethiopia #ENA Afaan Oromoo# Miseensa Maatii ENA ta’aa : https://www.ena.et/web/links
"Irreechi Hora Finfinneefi Harsadee milkaa'inaan xumurameera!" Abbootii Gadaa.
Oct 4, 2026 415
Fulbaana 24/2019(ENA) : Abbootiin Gadaa sirna kabaja ayyaana Irreechaa bara kanaa ilaalchisee ibsa miidiyaaf kennaniin, ayyaanni Irreechaa Hora Finfinneefi Harsadee rakkoo tokko malee karaa nagaa, jaalalaafi tokkummaan itti calaqqiseen kabajamee xumuramuu ibsaniiru. Abbaan Gadaa Tuulamaa Geetuu Taliilaa, Irreechi bara kanaa jala bultiirraa eegalee bifa adda ta'een karaa aadaafi duudhaa Irreechaa eegeefi guddummaa Oromoo calaqqisiiseen kabajamee xumuramuu himaniiru. Sabaafi sablammoonni biyya keenyaa aadaa isaanitiin faayamanii ayyaana keenya nu waliin kabajuun obbolummaasaanii nutti agarsiisaniif ayyaanichaaf miidhagina addaa dabaluufi Oromoon haammataa ta'uu kan agarsiise ta'uus dubbatabiiru. Uummanni Oromoo, qaamoleen nageenyaa, foolleefi daballeen qindaa'uun ayyaanichi karaa nagaan akka xumuramu gumaacha olaanaa taasisuu eeruun, qaamolee miidhaginaafi nageenyummaa ayyaanichaaf tumsan hunda galateeffataniiru. Abbaa Gadaa Maccaafi Walitti Qabaan Gamtaa Abbootii Gadaa Oromoo Warqinaa Tarreessaa, uummanni Oromoo bakka jirurraa walitti dhufuun uffata aadaafi meeshaalee ulfoo Oromootiin faayamee jaalalaafi tokkummaan kabajuu himan. Keessummoota kutaalee biyyattii adda addaarraa ayyaanicha isa waliin kabajuuf dhufeefis simannaafi kabaja addaa taasisuun guddummaa Oromoo kan itti agarsiise ta'uu dubbatanii, qaamolee milkaa'ina ayyaanichaaf kallattii garaagaraatiin tumsan hunda galateeffataniiru. Hooggantuun Biiroo Aadaafi Ispoortii Oromiyaa Aadde Roozaa Biyyaa gamasaaniin, ayyaanni Irreechaa karaa milkaa'ina qabuun akka kabajamu mootummaan dursee hojjachaa turuu yaadachiisaniiru. Keessattuu ayyaanicha sadarkaa addunyaatti beeksisuuf hojiiwwan ayyaanicha olkaasuufi beeksisuu danda'an hojjachaa turuufi hirmaattonni ayyaanichaa akka hin rakkanneef haala mijataa uumuus dubbataniiru. Mootummaan Naannoo Oromiyaa ayyaanni Irreechaa ‘UNESCO'tti akka galmaa'uuf hojiiwwan jajjaboo hojjachaa jiraachuu ibsaniiruu. Kantiibaan Bulchiinsa magaalaa Bishooftuu Obbo Alamaayyoo Asaffaas gama isaaniin haasawaa taasisaniin Irreechii duudhaalee gaggaarii qabaachuun Afrikaa bira darbee beekamtii Idil Addunyaa argatee jiraachuu ibsaniiru. Kanaan dura daandiin gara malkaa geessu tokko qofaa ture bu'uuraalee misoomaa guutuun waldhidhibbaa malee ummanni akka irreeffatan taasifamuun irreecha baranaa adda kan godhu ta'uu himuun, qaamolee ayyaanni irreechaa kun akka milkaa'uuf gahee isaanii bahatan galateeffataniiru. #Biyya_Guddoo #Uummata_Guddaa #Mul'ata_Guddaa #Ethiopia #ENA Afaan Oromoo# Miseensa Maatii ENA ta’aa : https://www.ena.et/web/links
Diinagdee
Gaaffiin Hulaa Galaanaa gaaffii jiraachuu fi jiraachuu dhabuu waan ta’eef deebii sirrii barbaada
Oct 8, 2026 172
Fulbaana 28/2019 (ENA) Gaaffiin hulaa galaanaa gaaffii jiraachuu fi jiraachuu dhabuu waan ta’eef, deebii sirrii hanga argatutti tattaaffii mootummaan taasisaa jiru akka deeggaran jiraattonni Godina Kibba Oromiyaa ibsan. Jiraattonni yaada isaanii ENA’f kennan;akka ibsanitti Gaaffii hulaa galaanaa mootummaan gaafachaa jiru dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuu waan ta’eeef tattaaffii mootummaan hulaa galaanaa karaa nagaatiin argachuuf taasisaa jiru ni deeggarra jedhaniiru. Gaaffiin hulaa galaanaa guddina dinagdee fi wabii nageenyaatiif murteessaa waan ta’eef deebii madaalawaa barbaada; nutis gaaffichi hanga deebiii argatutti mootummaa cinaa dhaabbachuun shoora nu irraa eegamu bahuuf qophiidha jechuun jiraattonni ibsaniiru. Jiraattota kanneen keessaa jiraataan magaalaa Adoolaa Obbo Ashannaafii Daanqoo, guddina magaallichatti eegalame caalaatti cimsuudhaan itti fufsiisuuf shoora isaanii akka bahatan eeraniiru. Jiraataan magaalaa kan biraan Obbo Isheetuu Haayiluu gama isaaniitiin; mootummaan karaa nagaatiin hulaa galaanaa argachuuf tattaaffii gochaa jiru kan dinqisiifatamudha jedhaniiru. Tattaaffiin diploomaasii mootummaan gochaa jiru gara hojiitti hanga jijjiiramutti mootummaa bira dhaabbachuun shoora isaanii bahuuf qophii ta’uu isaanii ibsaniiru. Jiraattuu magaalaa Nagellee Booranaa Aadde Rahimaa Abdullaahii gama isaaniitiin; mootummaan badhaadhina biyyaalessaa mirkaneessuuf kallattii kaa’e guutummaatti akka deeggaran ibsaniiru. Bu’aawwan misoomaa kanaan dura galmeeffaman cimsuudhaan itti fufsiisuuf hulaa galaanaa argachuun dhimma filannoo hin qabneedha jechuun ibsaniiru. #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa# fi Mul'ata Guddaa#
Itoophiyaa Hulaa Galaanaa irraa adda baasanii tursiisuun hin danda’amu - Obbo Abbaaduulaa Gammadaa
Oct 7, 2026 337
Fulbaana 27/2019 (ENA): Itoophiyaa Hulaa Galaanaa irraa adda baasanii tursiisuun hin danda’amu jedhan Af-yaa’iin mana maree bakka bu’oota uummataa duraanii obbo Abbaadulaa Gammadaa. Itti dabaluudhaanis, Itoophiyaan buufata galaanaa mataashee qabdu turte kan dhabde shiraan murtee marii tokko malee namoota dhuunfaafi muraasaan kan murtaa’e ta’uu ibsaniiru. Obbo Abbaaduulaa Gammadaan turtii ENA waliin taasisaniin akka himanitti, diinonni seenaa Itoophiyaa jaarraa hedduuf Itoophiyaa buufata galaanaa irraa mulquuf shira xaxaa turuu isaanii dubbataniiru. Diinonni seenaa Itoophiyaa kun lola kallattiin injifachuu akka hin dandeenye yommuu hubatan baandaa keessoo uumuun itti fayyadamu jedhan. Kanaafis Masrii akka fakkeenyaatti kaasuun, hundeeffama Shaabiyaa fi TPLF duuba harki Masrii akka jiru ibsaniiru. Humni diinonni seenaa nu keessaa uumaman dantaan sabaa Itoophiyaa akka taphaatti akka dabarfamuu godheera jedhan. Keessattuu, Itoophiyaan buufata galaanaa ishee mulquuf murteen marii tokko malee namoota dhuunfaa muraasaan kan murtaa’e ta’uu ibsaniiru. ''Dhimma buufata galaanaa irratti murteen nuti murteessine kan waltajjii seeraa irratti mari'atamee fi irratti waliigalame hin jiru,'' jedhan. Dhimmoonni kunneen mootummaa seera qabeessa ta’e osoo hin jiraatiin kan raawwataman ta’uu hubachiisuun, mootummaan ce’umsaa yeroo sanaa heerri mootummaa osoo hin raggaasifamiin dhimma kamirrattiyyuu murtii kennuuf aangoo akka hin qabnes ibsaniiru. Haa ta'u malee kana cabsuun murteewwan namoota dhuunfaa muraasaan marii malee kan murteessan ta’uu ibsani. Haala kana keessatti dantaa biyyaalessaa guddichi Itoophiyaa kan ta’e buufata galaanaa dhabuun dogoggora seena qabeessa kan nama gaddisiisu ta’uu ibsaniiru. Akkasumas, mootummaan yeroo ammaa karaa nagaa fi karaa fayyadamummaa waloon buufata galaanaa kana mirkaneessuuf tattaaffiin gochaa jiru kan galateeffamu ta’uu ibsaniiru. Abbummaan buufata galaanaa Itiyoophiyaa dhimma dhaabni kamuu dhaabuu hin dandeenye ta’uus dubbataniiru. "Itoophiyaa Hulaa Galaanaa irra adda baasuun hin danda’amu jechuun” jechuun cimsanii dubbataniiru. Biyya Guddoo, Ummata Guddaa fi Mul’ata Guddaa! Miseensa Maatii ENA ta’aa: https://www.ena.et/web/links
Tattaaffii mootummaan ida’amuu misooma Itoophiyaaf taasisaa jiru deeggaruun imaanaa dhalootaati
Oct 7, 2026 180
Fulbaana 27/2019 (ENA): Mootummaan ida’amuu guddina Itoophiyaa fi eegumsa dantaa biyyaalessaa isaa deeggaruuf tattaaffii taasisaa jiru dhaloonni cimsee deeggaruu akka qabu ogeeyyiin barnootaa himani. Pireezdaanti Taayyee Atsqasillaasee mootummaan ida’amuu ifatti erga hundeeffamee booda hojiiwwan gurguddoo mootummaan raawwachuu qabu ilaalchisee haasaa taasisaniiru. Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) gama isaaniitiin haasaa bal’aa dhimmoota biyyaalessaa akkasumas haala naannoo fi ardiilee ilaallatu dubbataniiru. Ogeeyyiin barnootaa gama kanaan ENA waliin turtii taasisan akka himanitti, yaadonni Piresidantiin Biyyattii fi Ministirri Muummee kaasan, yeroo hojiirra oolan, biyyattiis ta’e dhalootaaf bu’aa olaanaa qaba jedhan. Toomaas Dubbaalee, barsiisaa lammummaa fi naamusaa kan ta’an akka himanitti, Mootummaan ida’amuu misooma, badhaadhinaa fi dantaa biyyaalessaa biyyattii dagaagsuuf hojjachaa jiraachuu fi bu'aa argamsiisaa jiraachuu ibsaniiru. Mootummaan haaraa ijaarame kun jalqabbii gaarii itti fufsiisuu, misoomaa fi guddina saffisiisuun badhaadhina biyyattiif hojjachuutu irraa eegama jedhaniiru. Waggoottan shanan dhufan keessatti hojiiwwan misiraachuu Gubaa ministirri muummee Doktar Abiyyi Ahimad labsanii fi hojiin isaanii waggoota shanan dhufan keessatti milkaa’inaan akka xumuramu ni eegama jedhaniiru. Mootummaan biyyattii hoogganaa jiru kabajaa fi abbaa biyyummaa Itoophiyaa tiksuun galma misoomaa fi badhaadhina biyyattii galmaan gahuuf ciminaan hojjechuutu irraa eegama jedhaniiru. Ogeeyyiin barnootaa biroo, Misiraaq Xilayee fi Wandasan Girmaa waggoota shanan dhufan keessatti mootummaa cinaa dhaabbannee misoomaa fi badhaadhina biyyattiif harka wal qabannee hojjechuun nurraa eegama jedhan. Adeemsa dhaloota ijaaruu fi mootummaa cimaa ijaaruu keessatti tattaaffiin mootummaan gochaa jiru kan galateeffatamuu fi Itoophiyaanonni kaayyoo waloo tokkoof tokkummaan biyya hundaaf mijatu ijaaruu akka qaban ibsaniiru. Tattaaffii mootummaan ida’amuu guddina Itoophiyaa fi eegumsa dantaa biyyaalessaa isheef taasisaa jiru deeggaruun imaanaa dhalootaa ta’uu ogeeyyiin kunneen ibsaniiru. Biyya Guddoo, Ummata Guddaa fi Mul’ata Guddaa! Miseensa Maatii ENA ta’aa: https://www.ena.et/web/links
Hambaalee uumamaa fi namtolchee Godina Harargee Lixaatti argamu addabaasuun hojiin misoomsuu fi kunuunsuu hojjetamaa jira
Oct 7, 2026 169
Fulbaana 27/2019(ENA) Hambaalee uumamaa fi namtolchee Godina Harargee Lixaatti argamu addabaasuun hojiin misoomsuu fi kunuunsuu hojjetamaa jiraachuu Waajjirri Aadaa fi Turizimii Godinichaa beeksise. Waajjira Aadaa fi Turizimii godinichaatti Dursaan garee Misooma bakkeewwan ga’umsa Turizimii Obbo Saannoo Adam ENA’f akka ibsanitti, godinichatti dandeettii Turizimii guddisuudhaan baay'ina daawwattootaa dabaluu fi faayidaa dinagdee damee kana irraa argamu bal'isuudhaaf xiyyeeffannoon kennameera. Aanaalee gochichaa 15 keessatti qabeenya uumamaa fi namtolchee 50 ol adda baasuun hojiin misoomsuu fi beeksisuu raawwatamaa akka jiru ibsaniiru. Qabeenyota adda bahan keessaa holqaawwan umrii dheeraa galmeessisan, paarkota, qabeenya amantii fi Haroo Carcar kan keessatti argaman ta'uu ibsaniiru. Godinichatti Aanaa Daaroo Labuutti kan argamuu fi umrii waggaa kuma sadii ol akka qabu kan tilmaamamu Holqa Aynaagee misooma turizimiif oolchuuf mala adda addaatiin beeksisuu malees, naannicha daawwattootaaf mijataa gochuuf hojiin raawwatamaa akka jiru hubachiisaniiru. Bulchiinsi Aanaa Daaroo Labuu bara kanatti baajata birrii miliyoona 13 ol qabachuun hojii ijaarsa bu'uuralee misooma daandii raawwachaa akka jiru ibsaniiru. Holqa Aynaageetiin ala, qarqara Haroo Carcar bakka Turizimii fi bohaartii gochuudhaaf hojiiwwan adda addaa hojjetamaa jiru. Haroo kana marsee dhaabbilee bohaartii fi tajaajila kennan bal'isuudhaaf gara Aanaalee godinichaa15n hirmaachisuun baajata birrii miliyoona 75 oliin naannicha daawwattootaaf mijataa taasisuuf hojiilee dandeessisan karoorfamuu isaanii ibsaniiru. Haroo kana irratti ijaarsa bu'uura lee misoomaa dabalatee, tajaajili geejjibaas fooyya'aa akka jiru kan ibsan dursaan garee kanaa; Aanaaleen Bookee, Odaa Bultumii fi Habrootti bidiruuwwan geejjiba haroo irratti tajaajilan tokko tokko bituun tajaajilaaf galchuu isaanii ibsaniiru. Godinichatti waggoota sadii asitti paarkota hundeeffaman lamaan dabalatee, mana amantaa Musliimaa fi Kiristaanaa durii umrii dheeraa qaban bakka hawwata Turizimiif taasisuuf dandeettii guddaa ta'uu isaanii dubbataniiru. Bakkeewwan turizimii kanneen keessaa Masgiida Ulaa Qunnii fi Gadaamii Asaboot isaan ijoo ta'uu fi bal'inaan beeksisuu, daawwattootaaf gahaa gochuu fi qabeenya turizimiif oolchuuf hojjetamaa jiru jedhaniiru. Itti aanaan Bulchaa Aanaa Bookee Obbo Mahammad Zayyinii Jamaal akka dubbataniitti, bulchiinsi aanichaa bara xumurame keessatti baajata birrii miliyoona 30 oliin naannoo Haroo Carar daawwattootaaf mijataa gochuuf hojii fooyya'iinsa bu'uura daandii raawwateera. Haroon kun waggoota deeraaf gogee kan ture ta'uudhaan hojii Ashaaraa magariisaan deebi'ee kan misoome waan ta'eef, naannichatti hojii eegumsa uumamaa cimsuudhaan eegumsa fi kunuunsa gochuuf xiyyeeffannoodhaan hojjetamaa akka jiru dubbataniiru.
Saayinsii fi teeknooloojii
Tajaajilli Wiirtuu tokkoo Masoob sirna hirmaachisaa lammiileen hundi walqixa itti keessummeeffamanidha
Oct 8, 2026 136
Fulbaana 28/2019 (ENA): Tajaajilli Wiirtuu tokkoo Masoob sirna hirmaachisaa lammiileen hundi walqixa itti keessummeeffaman ta’uun ibsame. Tajaajilli wiirtuu tokkoo masoob tajaajila si’ataa fi amansiisaa ta’e uumuun amantaa tajaajilamtootaa kan cimsu ta’uu Sadarkaa Itti Aanaa Pirezidaantii oromiyaatti Bulchaan Godina kibba bahaa Oromiyaa Obbo Ahimad Idriis ibsan. Obbo Ahimad tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob magaalaa Dalloo Mannaatti ijaarame eebbisanii hojiif banaa taasisaniiru. Bulchaan Godinichaa akka jedhanitti, mootummaan naannichaa tajaajila bu’uuraa lammiileen mootummaarraa argatan ammayyeessuu irratti xiyyeeffannoon hojjechaa jira. Rakkoo kenninsa tajaajilaa fi qaamolee adda addaa biratti mul’atu furuuf tajaajilli wiirtuu tokkoo furmaata tokko ta’uusa dubbataniiru. Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob lammiileen kabajaa fi si’oominaan akka tajaajilaman, akkasumas dhaabbilee irratti amantaa akka horatan kan taasisu ta’uu ibsaniiru. Aanaalee godinichaa hunda tajaajila wiirtuu tokkoo babal’isuun dhiyeessii tajaajila mootummaa si’ataa ta’e uumuuf hojjetamaa jira jedhaniiru. Obbo Ahimmad tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob imala Dijiitaala Itoophiyaa qabame kan deeggaru ta’u ibsaniiru. Kana malees, tajaajilichi lammiilee baasii hin barbaachisne irraa kan baraaruu ta'uu dubbataniiru. Gama biraatiin, Bulchaan Aanicha Obbo Umar Mahaammad, tajaajilli wiirtuu tokkoo tajaajiloota 82 wiirtuu tokkotti kan dhiyeessu ta’uu dubbataniiru. Tajaajilli wiirtuu takkaa Mesob sirna hirmaachisaa lammiileen hundi walqixxummaan itti tajaajilaman ta’uu isaas eeraniiru.
Barumsi inistiitiyuutii teeknooloojii Shaggaritti kennamaa jiru biyyi keenya teeknooloojiin akka dorgomtu kan taasisudha
Oct 2, 2026 650
Fulbaana 22/2019 (ENA) - Barumsi inistiitiyuutii teeknooloojii Shaggaritti kennamaa jiru biyyi keenya teeknooloojiin akka dorgomtu kan taasisuu fi dhalootaaf abdii kan kennu ta’uusaa miseensonni hawaasa diyaasporaa Oromiyaa ibsan. Ayyaana Irreechaa kabajuuf biyya kan dhufan miseensonni diyaasporaa Oromiyaa magaalaa Shaggaritti kan argamu inistiitiyuutii teeknooloojii Shaggar dabalatee hojiiwwan misoomaa garagaraa daawwataniiru. Miseensonni diyaasporaa hojiilee misooma dijitaalaa hojjetaman dinqisiifataniiru. Ameerikaarraa kan dhufan Doktar Tamasgeen Shaashoo ENA’f akka ibsanitti, hojiin inistiitiyuutii teeknooloojii Shaggaritti argan biyyi keenya teeknooloojiin dorgomtuu akka taatu kan dandeessisuu fi dhaloota boruuf abdii guddaa kan kennudha. Yeroon kun addunyaan hubannoo nam tolcheen(AI) deeggaramaa yeroo jirtu waan ta’eef biyyi keenya teeknooloojiiwwan dameewwan garagaraa alaa galan biyya keessatti bakka buusuuf hojiin hojjechaa jirtu guddaa kan jajjabeeffamuu qabudha jedhaniiru. Keessumaa barattoonni qabxii olaanaa galmeessisan hubannoo nam-tolchee(AI) akka deeggaramanii fi akka ga’ooman gochuuf hojiin hojjetame kan dinqisiifatan Doktar Tamasgeen, hojiiwwan amma hojjetaman kan abdii namaa kennan ta’uu dubbataniiru. Afriikaa kibbaarraa kan dhufan Umar Usmaan gamasaaniin, hojii inistiitiyutichatti arganitti guddaa gammaduusaanii ibsaniiru. Hojiin gama teeknooloojiitiin naannoo Oromiyaatti hojjetamaa jiru biyyi keenya teeknooloojiidhaan kallattii sirriirra akka jirtu agarsiisa jechuun ibsaniiru. Noorweeyirraa kan dhufan adde Leensaa Lammeessaa, barumsi inistiitiyuutichatti kennamaa jiru sadarkaasaa kan eege waan ta’eef dargaggoonni barumsa qulqulluu biyyasaanii keessatti argatanii sadarkaa idil addunyaatti dorgomuuf akka isaan dandeessisu taasisa jedhaniiru. Dura taa’aan boordii diyaasporaa Oromiyaa obbo Tasfaayee Diimaa akka jedhanitti, daawwannaan kun qama aadaa daawwannaa pirojektoota gurguddoo torban irreechaatti wagga waggaan taasifamuuti. Daarektarri dhimma diyaasporaa Oromiyaa obbo Amiin Jundii gamasaaniin, inistiitiyuutichi erga hundeeffamee wagga tokko ta’uusaa ibsanii, amma ammaatti barattoota qabxii olaanaa Fidan 200 ol simatee barumsa hubannoo nam-tolchee(AI)‘n deeggarame barsiisaa jira jedhaniiru. Kaayyoon ijoo daawwannaa kanaa jijjiirama hunda galeessa biyya keenyatti dhufaa jiru qabatamaan agarsiisuun miseensonni diyaasporaa Oromoo beekumsaanis ta’e invastimantiidhaan biyyasaanii deeggaruuf akka qophaa’an gochuu akka ta’e dubbataniiru
Dhaabbatichi kalaqoota teeknooloojii fi intarpiraayizoota of danda’an horachuun qoodasaa bahachaa jira
Sep 25, 2026 1110
Fulbaana 15/2019 (ENA)- Inistiitiyuutiin leenjii teekniikaa fi ogummaa FDRI kalaqoota teeknooloojii fi intarpiraayizoota of danda’an horachuun qoodasaa bahachaa jiraachuu ibse. Dhaabbatichi hojiisaa hawaasaaf beeksisuuf kan isa gargaaruu fi guyyoota 15’f kan turu ‘torban odeeffannoo’ ilaalchisee ibsa kenneera Itti aanaan daarektara olaanaa inistiitiyuutichaa Dr. Habtaamuu Mulugeetaa wayita kana, dhaabbatichi woorkishooppiiwwan gurmaa’an, laaboraatooriiwwanii fi bakka itti shaakalamu qabaachuunsaa dargaggootaaf dandeettii fi carraa guddaa akka uumu ibsaniiru. Dhaabbatichi dargaggoonni carraa hojii uumuu isaan dandeessisu akka isaaniif argamsiise eeraniiru. Haala Kanaan dhaabbatichi kalaqoota teeknooloojii biyyattii guddisuu danda’anii fi በintarpiraayizoota of danda’an horachuudhaan qoodasaa bahachaa akka jiru ibsaniiru. Barattoota bara 2019 simatuuf barnoota bu’a qabeessa kennuuf qophii ga’aa taasisuusaa dubbataniiru. Waggoottan lamaan darban qofa fedhii yeroon barbaadu kan guute sagantaawwan haaraa 11 ta’aneegaluusaanii beeksisaniiru. Kanneen keessaa sagantaan leenjii hubannoo nam-tolchee(AI) isa tokko yoo ta’u, sagantaa Kanaan bara 2018 irraa eegalee barattoota simatee leenjisaa akka jiru ibsaniiru. Itti aantuun daarektara olaanaa inistiitiyuutichaa Tsadaalee Takluu gamasaaniin, inistiitiyuutichi xiyyeeffannoon qulqullina barnootaaf kenne bu’aa qabatamaa fidaa jiraachuu ibsaniiru. Dhaabbatichi kaampaasiisaa muummeetti beekamtii ISO 9001:2015 mirkaneessuusaa dubbataniiru.
Tajaajilli qorannoo fi hawaasaa Yunivarsiitichi gaggeessu hawaasa naannawichaa gargaaraa jira
Sep 21, 2026 1437
Fulbaana 11/2019 (ENA)- Tajaajilli qorannoo fi hawaasaa Yunivarsiitiin Madda Walaabuu gaggeessu hawaasa naannawichaa gargaaraa jiraachuu pirezidaantiin Yunivarsiitichaa Dr. Biraanamasqal Xannaa ibsan. Yunivarsiitichi yaad-rimeewwan qorannoo fi misooma hawaasaa mata-duree ijoo irratti xiyyeeffatan kan qoratu workshopii ijaarsa dandeettii gaggeessaa jira. Pirezidaantiin Yunivarsiitichaa Dr. Biraanamasqal Xannaa akka jedhanitti, Yunivarsiitichi hojii baruu fi barsiisuu cinaatti qorannoowwan rakkoo hawaasaaf furmaata ta’u jedhu gaggeessaa jira. Xiyyeeffannoon qorannoo yunivarsiitichi gaggeessuu wiirtuu ga’oomaa kan ta’an qonna, fayyaa, turizimii, sirna ikoo fi eegumsa uumamaarratti ta’uu dabalanii ibsaniiru. Hayyoonni Yunivarsiitichaa tajaajiloota qorannoo fi hawaasaa waggoottan darban gaggeessaniin fayyadama hunda galeessa lammiilee hedduu kan mirkaneessan bu’aaleen guddaan argamuusaanii ibsaniiru. Keessumaa gama qonnaatiin hojmaata kilaastaraa, waldhaansa kaansarii fi hawaasa hubannoo qabsiisuun hojii hojjrtameen jijjiiramni qabatamaa galmaa’uu wabeeffataniiru. Tajaajiloonni qorannoo fi hawaasaa rakkoo ummataa furuu akka danda’an qorattootaa fi gamaaggamtootaaf leenjiin gabbisa dandeettii itti fufiinsaan kennamaa jiru cimee akka itti fufu pirezidaantichi dubbataniiru. Itti aanaan pirezidaantii akkaadaamikii, qorannoo fi cehumsa teeknooloojii Yunivarsiitichaa Dr. Bazzaabih Wandimmuu workishooppiin gabbisa dandeettii kun rakkoolee gama qorannootiin jiran adda baasuudhaan qorannoo dhiibbaa bu’aa fooyya’aa Fidan gaggeessuuf akka gargaaru ibsaniiru. Hojiiwwan misooma hawaasaa irratti xiyyeeffatan keessatti qophii yaad-rimeewwanii fi haala qabatamaa addunyaa irratti hubannoo gahaa akka argatan ibsaniiru. Hayyoonni Yunivarsiitichaa bara bajataa 2018 dameewwan xiyyeeffannoo garagaraa irratti xiyyeeffatan qorannoowwan 24 ol gaggeessuusaanii eeraniiru. Bara bajataa kana ammoo yaad-rimeewwan qorannoo 96 gamaaggamaaf dhihaachuusaanii dubbataniiru.
Ispoortii
Atileet Tigisti Asaffaa kaadhimamtuu Atileetii Filatamtuu Dubartoota Atileetiksii Addunyaa taate
Oct 6, 2026 373
Fulbaana 26/2019 (ENA ): Atileet Tigisti Asaffaa kaadhimamtuu Atileetii Cimtuu Dubartoota Atileetiksii Addunyaa bara 2026 keessatti hammatamte. Atileetiksiin Addunyaa har'a atileetota addunyaa kanarraa ciccimoo ta'an 10 koorniyaa lamaanii ifoomsoosera. Kaadhimamtoota dubartoota keessaa atileetii lammii Itoophiyaa Taagisti Asaffaati. Atileet Taagisti kanaan dura Atileeti Cimtuu Dubartoota Atileetiksii Addunyaa bara 2023 fi 2025 ta’uun kaadhimamtee turte. Tibbana Maraatoonii Barliin irratti miidhamaan qoramtee turtus, atileetiin kun sa'aatii 2, daqiiqaa 11 fi sekondii 04’n xumuruun sa'aatii saffisaa addunyaa irratti sadarkaa 3ffaa galmeessiteetti. Akkasumas Maraatoonii Landan bara 2026 irratti sa'aatii 2, daqiiqaa 15 fi sekondii 41’n maaraatoonii dubartootaatiin riikardii addunyaa haaraa galmeessiteetti.
Fiigichi guddichi Irreechaa duudhaalee ayyaana Irreechaa addunyaatti beeksisuuf gahee olaanaa qaba
Oct 1, 2026 709
Fulbaana 21/2019 (ENA) — Fiigichi Guddichi Irreechaa, fageenya kiilomeetira 10n magaalaa Bishooftuutti gaggeeffame, faayidaa ispoortii, hawaasummaa fi biyyaalessaa cimsuu bira darbee, Ayyaana Irreechaa sadarkaa addunyaatti beeksisuuf gahee olaanaa qabaachuun ibsame. Hoggantuun Biiroo Aadaa fi Ispoortii Oromiyaa, Aadde Rozaa Biyyaa, sagantaa jalqabbii fiigichaa guddicha Irreechaa irratti ergaa dabarsaniin, ispoortiin nagaa, jaalala, tokkummaa fi obbolummaa ummatootaa cimsuuf gahee olaanaa akka qabu ibsaniiru. Aadde Rozaan, fiigichi guddaan kun duudhaalee, aadaa fi seenaa Ayyaana Irreechaa hawaasa addunyaatti bal’inaan beeksisuuf waltajjii guddaa ta’uu himaniiru. Kanaaf fiigicha kana osoo walirra hin kutiin waggaa waggaan akka gaggeeffamu kan hojjetamu ta'uu himaniiru. Kantiibaan Magaalaa Bishooftuu, Obbo Alamayyoo Asaffaa, gamasaaniin, fiigichi kun Bishooftuu giddugala turiizimii caalaatti taasisuuf hojiiwwan hojjetamaa jiran saffisiisuufi cimsuuf gumaacha olaanaa qabaachuu ibsaniiru. Fiigichi kun waggoota torba booda yeroo lammaffaaf, mata-duree “Irreechaa Waliigaltee Biyyaalessaaf” jedhuun gaggeeffame. Fuuldurattis addaan osoo hin cinne, waggaa waggaadhaan akka gaggeeffamu himaniiru. Dorgommicharratti hoggantoonni olaanoon mootummaa federaalaa fi naannoo, Abbootiin Gadaa, maatii atileetota beekamoo addunyaa kanneen akka Xuruneesh Dibaabaa, atileetonni profeeshinaalaa 1,400 ol, akkasumas jiraattonni Magaalaa Bishooftuu fi deeggartoonni 50,000 ol hirmaataniiru.
Fiigichi irreechaa 2ffaan mata duree “irreechi walii galtee biyyaalessaaf” jedhuun Biishooftuutti gaggeeffamaa jira
Oct 1, 2026 460
Fulbaana 21/2019 (ENA)- Jala bultii ayyaana irreechaa 2019 ilaalchisuun fiigichi irreechaa 2ffaan mata duree “irreechi walii galtee biyyaalessaaf” jedhuun Biishooftuutti gaggeeffamaa jira. Irreechi ayyaana galateeffannaa, araaraa, jaalalaa fi tokkummaa ta’uun olitti, sabaa fi sab lammoota garagaraa bakka tokkotti kan fidu akkasumas waliigaltee,nageenyaa fi obbolummaa kan cimsu waltajjii waloo ta’aa dhufeera. Ayyaanni irreechaa aadaa fi duudhaa Oromoo dhalootarraa dhalootatti dabarsuurra darbee, garaagarummaa keessatti walkabajaa fi jaalala guddisuun Itiyoophiyaaf qabeenya waloo ta’uudhaan biyya keenya sadarkaa idil addunyaatti beeksisaa jira. Kaayyoon fiigichi daandiirraa kun irreechi waltajjii obbolummaa, tokkummaa fi dhiifamaa ta’uusaa addunyaaf beeksisuudhaan hawattummaasaa guddisuu akka ta’e ibsameera. Atileetonni biyya keessaa fi biyya alaa akkasumas namoonni kuma 50 caalan fiigicha irreechaa daandiirraa km. 10 fagaatu kanarratti hirmaachaa jiru.
Atileettonni Itoophiyaa maratoonii Barliin koorniyaa Lamaaniinuu Injifatan
Sep 27, 2026 875
Fulbaana 17/2019 (ENA): Maratooniin Barliin 52ffaan har'a ganama gaggeeffameera. Dubartootaan atleetiin Tigist Asaffaa sa'aatii 2, daqiiqaa 11 fi sekondii 04n injifatteetti. Atileetiin kun Maratoonii Barliin yoo injifattu kan ammaa yeroo sadaffaadhaaf. Dhiiraan atileetiin Guyyee Adoolaa sa'aatii 2, daqiiqaa 2 fi sekondii 51n injifataa ta'eera. Kanaan dura waggaa shan dura dorgommicha injifateera. Atleetiin kun dorgommii waggaa darbeerratti sadarkaa 4ffaan xumuruun isaa kan yaadatamudha.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Harka Lammiilee isheen Dachee Laliste -Itoophiyaa
Sep 22, 2026 1864
Waggoota kurnan darban keessa uwwisni bosonaa ishee baay’ee haphatee ture. Haalli kunis biyyattii jijjiirama haala qilleensaa fi eegumsa naannoof qormaata itti ta’aa tureera. Kaka’umsa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin ifatti bara 2011 kan jalqabame sagantaan ashaaraa magariisaa bu’aa olaanaa fidaa jira. Sagantaa ashaaraa magariisaa kanas ummanni Itoophiyaa qajeelfama hoggansa isaa fudhachuun duulaan biqiloota dhaabuun adda duree akka ta’e Zegaardiyaan gabaasa isaa keessatti bal’inaan ibseera. Haliimaa Kadir yeroo jalqabaaf gaafa biqiltuu dhaabuu jalqabdu namoonni akka ishee shakkanii fi itti qoosan akka turte illee Zegaardiyaan gabaasa isaa keessatti eereera. Biqiloonni dhaabaman kunniin muuzii,zayituunaafi Giraaviiliyaa, akkasumas gosoota kuduraa fi muduraa adda addaan oyiruu uwwifame bira teessoo mukaarra teessee gaafa biqiltuu dbaabuuf jettu sana gara duubatti yaadatti. Olloonni koo abdii na kutachiisanii ture jetti. Garuu waan ajaa’ibaa hojjette. Namoota Tokkoo tokkoo isaaniif ifaajii homaa hin baafne itti fakkaatee ture;garuu booda biqiloonni dhaabaman kunniin jijjiirama qilleensaa fi wabii nyaataa mirkaneessuuf furmaata ta’ee gaafa argamu dhugaa jiru hubachaa dhufuu isaanii ibsiti. Naannoo Oromiyaa aanaa Barbareetti kan kan argamtu Haliimaa Kadir umuriin waggaa 35 kan taate,biqiloota kumaatamaan lakkaa’aman dhaabuun eegumsa naannoof modeela taateetti. Biyya akka Itoophiyaa mancaatiin bosonaa mudatuti hojiin Haalimaa salphaa hin turre; ija jabina naamusaa fi cimina guddaa gaafata ture. Amma garuu wanti hundi jijjiirameera jetti Haalimaan. Biqiltoonni isheen dhaabde guddachuu fi naannoon ishee magariisa ta'aa dhufuun, warri jalqaba abdii kutachiisuuf yaalan illee hojii cimaa fi kutannoo ishee akka dinqisiifatan ibsiteetti. Haalimaaf biqiltuun isheen dhaabdu muka ofii isaatii irra darbee hiika qaba; isaanis hiriyyoota ishee dhiyootiin akkasumas qormaata hawaasa ishee addunyaa irratti jijjiirama qilleensaaf saaxilamoo ta’an keessaa tokko ta’eef furmaata ta’anii ilaalamu. Akkuma ‘The Guardian’ gabaasetti; Itiyoophiyaan babal’ina qonnaa, biqiltuu qoraaniif oolan fi itti fayyadama cileef irraa kan ka’e uwwisa bosona ishee bal’aa dhabdeetti. Kunis heddummina lubbu qabeeyyii, gabbina biyyee fi qabeenya bishaanii irratti miidhaa guddaa kan geessise yoo ta’u, balaawwan haala qilleensaatiin walqabatan hammeesseera. Inishiyeetiiwwan hedduu mootummaan Itiyoophiyaan eegalte keessaa tokko kan ta’e Ashaaraa Magariisaan, jijjiirama qilleensaa fi mancaatii bosonaa hir’isuu keessatti gahee olaanaa taphateera. Gabaasni kun akka mul’isutti waggoota torban darban keessatti biqiltuun biiliyoona 48 ta’u sagantaa kanaan dhaabameera, kan amma jiru osoo hin dabalatiin jechuudha. Ollaan Haalimaa Faxee Abdullaahi milkaa’ina Haalimaa erga argitee booda eegumsa naannoo irratti hirmaattetti. Isheenis nuti akka hin dogoggorre nutti agarsiifte jechuun Haalimaa jajuun, rakkoon furmaata biyya keessaatiin rakkoo addunyaa furuun furuun akka danda’amu agarsiisuudhaan fakkeenya taatee jirti jette. Hawaasni Oromoo daa’ima nama biraa irraa dhalate abbaa fi haadha uumamaa ykn walitti dhufeenya dhalootaa tokko malee fudhachuun akka dhala ofiitti guddifachuun, akka ilmoo ofiitti guddisee, faayidaa dinagdee fi hawaasummaa isaa eeguun aadaa qaba. Ummanni Oromoo biqiltuu akka ilmoo isaatti ilaala. Haalimaan duudhaa kana irraa ka’uun biqiloota dhaabuun kunuunsuun akka ishee gargaare ibsiteetti. Akkasumas walitti dhufeenya ijoollee ishee waliin qabdu miira haadhummaa waliin walqabsiistee jirti. ''Akkuma aadaa keenya keessatti ijoollee guddifnu, biqiltuus akka ijoollee kootti nan ilaala,'' jetteetti. Naannoo hanqinni bishaanii hamaan jiru keessa kan jiraattu Haalimaan gara sa'aatii tokkoo deemtee biqiltuu ishee bishaan obaasti. Ilmi Haalimaa ganna 13, Anwaar Hasan, haadha isaatti akka boonu ibsuun, kaayyoo ishee hordofuu akka barbaadu dubbata. Jijjiirama qilleensaa ittisuuf umurii guutuu waadaa galuu akka barbaadus himeera. Maatiin fi dubartoonni kumaatamaan lakkaa’aman ganda naannoo sana jiranis sagantaa biqiltuu dhaabuu kana irratti hirmaataniiru. Akka qorattoonni naannoo fi ogeeyyiin jedhanitti, gosoonni mukaa dhalootaan maatii fi dhaabbilee adda addaatti raabsaman hedduun isaanii guddataniiru. Naannolee gammoojjii fi haala qilleensaaf miira qaban keessatti tattaaffiin kun hawaasni jijjiirama qilleensaa caalaatti akka dandamatu gargaaruu danda’a. Qindeessaan Sagantaa Biyyaalessaa ‘REDD+’ Misooma Bosonaa Itiyoophiyaa Doktar Xibabuu Mogas sagantaa dhaabbii biqiltuu hanga ammaatti milkaa’inni guddaan argame badda dareetti ta’uu dubbatu. Itiyoophiyaan jijjiirama qilleensaa ittisuuf kutannoon hin raafamne akka biyyaattis ta’e idil-addunyaatti guddachaa fi babal’achaa dhufeera. Miidiyaa Dijitaalaa ENA hordofaa- https://www.ena.et/web/links
Raaga haala Qilleensaa bal'inaan dhaqqabamaa taasisuun qophii gahaan akka jiraatuuf dhiheenyaan hojjetamaa jira
Sep 18, 2026 1467
Fulbaana 8/2019 (ENA) Odeeffannoo raaga haala qilleensaa bal'inaan dhiyeessuun qophii fi offeeggannoo duraa akka jiraatuuf dhiyeenyaan hojjetamaa jiraachuusaa Inistitiyuutiin Meetiroloojii Itoophiyaa beeksise. Inistitiyuutichi gamaggama haala qilleensa gannaa fi raaga haala qilleensa bonaa fuulduraa hirmaannaa qooda fudhattootaatiin Adaamaatti gaggeessaa jira. Daarektarri Olaanaan Inistitiyuutichaa Dr.Faxxanaa Tashoomaa akka jedhanitti, Inistitiyuutichi misoomawwan hawaasummaafi dinagdee biyyaattif faayidaa kan qaban raaga haala qilleensaa yeroo gabaabaa fi dheeraa yeroosaa eeggatee dhiyeessuun gaheesaa ba'achaa jira. Odeeffannoon kunneen keessattuu dameelee Qonnaafi misooma jallisiif, Bulchiinsa qabeenya bishaaniif, hir’ina sodaa balaatiif,Aviyeeshinii fi geejibaatiif ,Barnootaafi fayyaaf gaggeesuuf murteessaa ta’uusaanii ibsaniiru. Akkasumas,odeeffannoo haala qilleensaa yeroosaa eeggatee fi amansiisaa ta'e uummataafi qooda fudhattootaaf dhiyeessuun misoomaa fi guddina biyyaatiif murteessaa ta'uu isaafi hojiin kun cimee kan ittifufu ta'uu ibsaniiru. odeeffannoo raaga haala qilleensaa yeroodhaan dhiyeessuun qophii fi deebii sirrii kennuuf kan gargaaruudhas jedhan. Qooda fudhattoonnis odeeffannoo kanatti fayyadamanii tarkaanfii qophiitiif akka itti fayyadaman waamicha dhiyeessaniiru. Gara biraatiin, raaga haala qilleensa Bonaa kan dhiyeessan Itti Aanaa Daarektara Inistitiyuutichaa Dr.Asaamminnoo Tashoomaa akka ibsanitti,Bona dhufu kanatti naannowwan horsiise bulaatti haalli qilleensaa misooma qonnaatiif mijaawaa ta'ee fi roobni gaariin akka jiraatu ibsaniiru. Naannoowwan kunniin rooba kana jalqaba baatii Onkololeessaatii jalqabanii kan argatan ta'uun ibsameera. See less
Naannoo Harariitti Biqiltuuwwan Ashaaraa Magariisaan dhaabaman kunuunsuun cimee itti fufa
Sep 16, 2026 1453
Fulbaana 6/2019 (ENA) — Naannoo Harariitti biqiltuuwwan Sagantaa Ashaaraa Magariisaan dhaabaman kunuunsuun cimee akka itti fufu Pirezidaantiin Naannichaa Obbo Ordiin Badirii ibsan. Pirezidaantiin Naannoo Hararii Ordiin Badirii fi hoggantoonni naannichaa biqiltuuwwan ji’oota gannaa keessa dhaabaman kunuunsaniiru. Hoggantoonni kunneen biqiltuuwwan dhaabaman haala gaariin akka guddatan taasisuuf hojii kunuunsaa barbaachisaa ta’e irratti xiyyeeffachuun hojiiwwan adda addaa raawwataniiru. Naannichatti sagantaalee dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaan biqiltuuwwan faayidaa hedduu qaban dhaabamuu isaanii ni yaadatama. Hojii dhaabbii biqiltuuwwanii irratti hoggantoonni olaanoo naannichaa, qaamoleen ittisaa fi nageenyaa, hojjettoonni mootummaa, dargaggoonni fi dubartoonni, qonnaan bultoonni akkasumas kutaaleen hawaasaa gara garaa hirmaataniiru. Har’as Pirezidaantiin Naannichaa Obbo Ordiin Badirii fi hoggantoonni olaanoo naannichaa Gaara “Haakim” irratti biqiltuuwwan yeroo gannaa dhaabaman bishaan obaasuu fi kunuunsuu isaanii ibsameera. Naannicha keessatti biqiltuuwwan yeroo ji’oota gannaa dhaabaman hanga muka guddaa ta’anitti kunuunsi barbaachisaa ta’ee xiyyeeffannaan kennamee hojjetamaa jira. Pirezidaantiin Naannichaa Obbo Ordiin Badirii yeroo kanatti akka jedhanitti, biqiltuuwwan yeroo gannaa naannichatti dhaabaman sirnaan akka latanii fi guddatan gochuuf kunuunsa barbaachisaa ta’e taasisuun murteessaadha. Yeroo ammaa kanas, keessumaa biqiltuuwwan dhaabaman kaayyoo barbaadameef akka oolan qaamoleen adda addaa hojii kunuunsaa hojjechaa jiran jajjabeeffamuu akka qaban hubachiisaniiru. Itti aansuunis biqiltuuwwan bishaan obaasuu fi marga irraa qulqulleessuun sirnaan akka latanii fi guddatan gochuun barbaachisaa ta’uu Pirezidaantiin Naannichaa hubachiisaniiru. Kana malees, Pirezidaantiin Naannichaa Obbo Ordiin Badirii hojii pirojektii Inisheetivii gaara Haakim daawwachuu isaanii ibsameera. Hojiin pirojektichaa karoora yeroo qabame keessatti saffisaa fi qulqullinaan raawwatamaa jiraachuu isaa eeraniiru.
Itoophiyaan sirna geejjibaa magariisaa jijjiirama haala qilleensaa dandamatuu fi itti fufinsa qabu ijaaruuf xiyyeeffannoon hojjechaa jirti
Sep 16, 2026 1367
Fulbaana 05 /2019 (ENA) Itoophiyaan sirna geejjibaa magariisaa jijjiirama haala qilleensaa dandamatuu fi itti fufinsa qabu ijaaruuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu Ministirri Geejjibaa fi Loojistiksii Dr. Alamuu Simee ibsan. Sagantaan jalqabsiisa workshooppii Nordiik Afrikaa Elektiriik Mobiliitii magaalaa Finfinneetti gaggeeffamera. Sagantaa kanarratti doktara Alamuu Simee haasaa taasisaniin; Itoophiyaan hoggansa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin tarsiimoo misoomaa magariisaa fi jijjiirama haala qilleensaa dandamatu karoora misooma biyyaalessaa isheen bu’uura godhattee hojjechaa jirti jedhaniiru. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa, humna haaromfamaa babal’isuu fi dinagdee kaarboonii gadi aanaa qabu ijaaruuf tattaaffiin taasifamu, xiyyeeffannoo kanaaf agarsiistota ta’uu ibsaniiru. Damee geejjibaa kaarboonii irraa bilisa taasisuun dinagdee itti fufinsa qabu ijaaruuf hojiiwwan ijoo hojjetaman keessaa tokko ta’uu eeruun, biyyattiin murtee kana gara hojiiitti hiikuuf geejjiba uummataa Elektirikii, Koridariiwwan Magaalaa fi sirna geejjibaa qilleensa qulqulluu humna haaromfamuu danda’u waliin walitti hidhuun ijaaramaa jiraachuu ibsaniiru. Gara geejjiba elektirikiitti ce’uun kun eegumsa naannoo qofaaf osoo hin taane, jijjiirama dinagdee, wabii humnaa, kalaqa teeknooloojii fi qulqullina jireenyaa lammiilee fooyyeessuuf gumaacha olaanaa qabaachuu eeraniiru. Konkolaattota qofa gara biyyaatti galchuun sirna geejjiba elektirikii guutuu uumuu akka hin dandeenye kan ibsan Ministirichi, bu’aa guutuu galmeessuuf bu’uuraalee misoomaa fi sirnoota hojii barbaachisan guutuu akka qaban hubachiisaniiru. Haaluma kanaan, bu’uuraalee misoomaa chaajii bakka itti taasisan babal’isuu fi sirna hojii dijitaalaa diriirsuu, Istaandardoota waliigalaa qopheessuu, humna namaa leenji’e horachuu, akkasumas sirna baatiriiwwan irra deebi’anii itti fayyadamu diriirsuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. Kanaaf, sirna qindoomionaa ijaaruu, fayyadamaa teekinooloojii ta’uu irraa gara dandeettii biyya keessaa ijaaruutti ce’uu, akkasumas tumsa Riijinii fi Ardichaa cimsuun barbaachisaa ta’uu waamicha dhiyeessaniiru. Itoophiyaa fi Afrikaan biyyoota Noordik irraa muuxannoowwan gaarii fudhachuu akka danda’an kan eeran Ministirichi, furmaatoonni Afrikaa garuu dhugaa jiruufi fedhii geejjibaa ardichaa kan bu’uureffataan ta’uu akka qaban ibsaniiru. Ce’umsa Afrikaan gara sochii elektriikiitti taasiftu guddina industiriitiif human ta'uu malee, dhiheessii meeshaalee alaa qofa ta'uu akka hin qabne hubachiisaniiru. Afrikaanonni walitti hidhaminsa kana keessatti akka hirmaataniif, dhaabbilee suphaa fi walitti qabiinsa meeshaalee (assemblers) dhiyootti argamanii fi oomishtoota cimsuu, qorannoo fi misooma keessatti invesiti gochuu, akkasumas sirna geejibaa daangaa ce'uu walitti hidhuun akka barbaachisu ibsaniiru. Ce’umsa kanaaf qabeenyi mootummaa qofti gahaa akka hin taane kan eeran yoo ta'u; mootummaan, dhiheessitoota misoomaa, baankota daldalaa fi abbootii qabeenya dhuunfaa dhugaatiin tumsa cimaa uumuun akka barbaachisu dubbataniiru. Yaa’ichi mariin olitti gara tarkaanfii qabatamaatti kan ce'amu, galmootni ifa ta'an kan kaa'aman, akkasumas tumsi michoota misoomaa fi teekinoolojii kan itti cimu akka ta'u abdiin qaban ibsaniiru.
Gabaasa addaa
Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti - Itti aanaa Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa
Jun 9, 2026 21335
Waxabajji 2 /2018 (ENA): Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti jedhani itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan muummee ministiraa Pirojektoota misoomaa adda addaa magaalaa Woldiyaatti ijaaraman eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Yeroo eebba kanaatti pirojektoonni misoomaa eebbifaman imala biyyattiin gara fuulduraatti taasiftu kan agarsiisan yoo ta’u, guddinni Itiyoophiyaa eenyullee dhaabuu akka hin dandeenye kuni ragaadha jedhan. Itti aanaan ministira muummee kun ummanni magaalaa Woldiyaa finxaaleyyii fi qoqqoodinsa mormuudhaan kan beekamu ta’uu ibsuun, filannoon isaanii irra deddeebiin nagaa fi mootummaa cimaa ta’uu isaa kan argisiisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan baandota irratti qabsaa’aa jira jedhani. Waggoota 50 fi 60 darbaniif warri yaada dulloomaatiin qabaman guddina ariifataa biyyattii hubachuu akka hin dandeenyes ibsaniiru. Warri bosona keessa jiran jijjiirama guddaa biyyatti dhufe kan akka misooma koridarii, maaddii guutuu, pirojektoota misoomaa fi oomisha qamadii arguu akka hin dandeenye dubbataniiru. Misoomni koridarii magaalota keessatti gaggeeffamaa jiru dhimma bareedinaa qofa osoo hin taane magaalota ammayyeessuun sadarkaa jireenyaa ummataa ol kaasuuf kaayyoo ta’uu ibsaniiru. Magaalonni Itiyoophiyaa magaalota Baha Afriikaa fi addunyaa waliin dorgomuu akka qaban ibsaniiru; akkasumas tajaajila ammayyeessuuf tajaajilli giddugala tokkoo guutuu biyyattiitti babal’achaa akka jiru hubachiisaniiru. Manneen kitaabaa ummataa, manneen kitaabaa dijitaalaa fi kaffeewwan saayinsii magaalaa Woldiyaatti ijaaraman odeeffannoo guyyaa guyyaa irraa gara beekumsaa fi qorannoo gadi fagootti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan, abbootii qabeenyaa fi ummanni pirojektoota misoomaa eegalaman gara baadiyyaatti babal’isuun badhaadhina biyyattii dhugoomsuuf waliin hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 18713
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.