ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Naannoo Oromiyaatti lafa hektaara kuma 240 irratti muduraan misoomaa jira
Jun 8, 2026 23
Waxabajjii 1/2018 (ENA)-Naannoo Oromiyaatti lafa heektara kuma 240 irratti muduraan misoomaa akka jiru Biroon Qonnaa Naannichaa beeksiseera. Naannichi haala mijataa misooma muduraaf qabutti fayyadamuun, bara baajataa kana omisha muduraa kuntaala miiliyoona 29 omishuu isaas ibseera. Biiroo Qonna Oromiyaatti Daarektarri Misooma muduraa Obbo Chaalachoo Addunyaa ENA waliin turtii taasisaniin; naannichatti erga imala jijjiiramaa booda damee misooma muduraaf xiyyeeffannoon addaa kennamee hojjetamaa jiraachuu eeraniiru. Naannichi misooma muduraaf haala qilleensaa mijataa, rooba gahaa fi gosa biyyee mijataa kan qabu waan ta'eef, omishtummaa damee kanaatiif dandeettii olaanaa akka qabu kaasaniiru. Keessattuu, wabii nyaataa mirkaneessuu fi sirna nyaataa fooyyessuu keessatti shoorri isaa olaanaa waan ta'eef, hojiiwwan hojjetaman hedduun bu'aan akka galmeeffame kan dubbatan daarektarichi, kanaanis fayyadamummaan qonnaan bultootaa guddachaa jiraachuu ibsaniiru. Kanaan walqabatee, gosoota muduraa kanneen akka paappayyaa, Muuzii, Maangoo, Burtukaana, Appilii fi loomii haala teessuma lafaa fi qilleensa godinaalee bu'uura godhachuun misoomaa akka jiru dabalaniianiiru. Damee kana bu'a-qabeessa taasisuuf sanyiiwwan muduraa fooyya'an fayyadamuun fi dandeettii raawwachiisummaa fooyyessuun misoomni kun guddachaa dhufuu isaa ibsaniiru. Kanaanis, bara 2013 misooma muduraa hektara kuma 90 hin caalle ture, yeroo ammaa kana gara lafa hektara kuma 240tti guddisuun misoomaa jiraachuu dubbataniiru. Naannichi haala mijataa muduraaf qabuun fayyadamee bara baajataa kanaan muduraa kuntaala miiliyoona 29 omishuu isaas dubbataniiru. Kanneen keessaas kuntaala miiliyoona 8 ol kan ta'u omisha Avokaadoo ta’uu ibsaniiru. Bara darbe omisha avokaadoo kuntaalli kuma 2 fi dhibba 4 biyya alaatti ergamuu isaa kaasanii, baranas haala fooyya'aan erguuf hojjetamaa akka jiru ibsaniiru. Qonnaan bultoonni pakeejii eksteenshinii qonnaa guutummaatti akka hojiirra oolchaniif deeggarsi ogummaa fi leenjiiwwan adda addaa kennamaafii akka jirus daarektarichi dubbataniiru.
Agarsiisni Kitaabaa Yuunivarsiitii Finfinnee waggaa 18ffaa mooraa guddicha yunivarsiitichaa Siddisti kiilootti baname
Jun 8, 2026 78
Waxabajji 1/2018 (ENA): Agarsiisni Kitaabaa Yuunivarsiitii Finfinnee waggaa 18ffaa mooraa guddicha yunivarsiitichaa Siddisti kiiloo keessatti banameera. Agarsiisni kun Waxabajji 1 hanga 7/2018 kan gaggeeffamu yoo ta’u, raabsitoonni kitaabaa, maxxansitoonnii fi manneen kitaabaa 40 ol hirmaataa jiru. Agarsiisa kitaabaa kana irratti kitaabonni turanii fi haaraan hedduun damee beekumsaa hunda irratti xiyyeeffatan gatii hir’ifameen dubbistootaaf kan dhiyaatan yoo ta’u, kitaabonni haaraan ni eebbifamu jedhamee eegama. Akka Pireezidaantii eeggataa Itti Aanaa Yuunivarsiitii Finfinnee Dr. Saamu’eel Kifilee waltajjii kanarratti argamanii dubbatanitti, Maxxansi Yunivarsiistii Finfinnee (Addis Ababa University Press) waggoota 50 oliif kitaabota hedduu maxxansee akka dhiyaatu taasiseera jedhani. Imala yuunivarsiitichi gara ofiin of bulchuutti taasifamu keessatti dandeettii maxxansaa yunivarsiitii Finfinnee guddisuu fi gabaa ammayyaa fayyadamuudhaan qaqqabummaa isaa babal’isuuf tattaaffiin taasifamaa turuu ibsaniiru. Beekumsa gara dhaloota dhufutti dabarsuu fi dorgomtummaa dhaabbatichaa dhaabbilee walfakkaatan biroo waliin taasifamu dabaluun hubannoo namtolchee fi teeknooloojii dijitaalaa fayyadamuun akka itti fufu ibsaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Milkaa’inni filannoo waliigalaa taatee guddaa biyyaalessaa Itiyoophiyaanonni sirna dimokiraasii ijaaruuf kutannoo qaban addunyaaf irra deebi’anii kan mirkaneessanidha
Jun 8, 2026 74
Waxabajji 1/2018(ENA): Milkaa’inni filannoo waliigalaa taatee guddaa biyyaalessaa Itiyoophiyaanonni sirna dimokiraasii ijaaruuf kutannoo qaban addunyaaf irra deebi’anii kan mirkaneessan taatee olaanaa jedhan Daarektarri Olaanaa Tajaajila Diyaaspooraa Itiyoophiyaa Ambaasaaddar Fitsum Araggaa. Milkaa’inni filannoo waliigalaa Itiyoophiyaa injifannoo seena qabeessa seenessa yaraa biyyoonni alaa ilaacha biyya keenyarra qaban kan cabseefi Itiyoophiyaa addunyaatti kan mul’ise taatee guddaadha jedhani. Filannoon waliigalaa torbaffaan Caamsaa 24, 2018 kan gaggeeffame yoo ta’u, buufataalee sagalee kennuun hin xumuramne keessattillee hanga sa’aatii 6:00tti sagalee kennuun gaggeeffameera. Daarektarri Olaanaan tajaajila kanaa Ambaasaaddar Fitsum Araggaa ENAtti akka himanitti, milkaa’inni filannoo waliigalaa Itiyoophiyaa injifannoo seena qabeessa gabaasa yaraa fi ejjennoo gadi aanaa sadarkaa idil-addunyaatti dhaga’ame irra aaneedha jedhani. Ummanni Itiyoophiyaa paartii faayidaa isaaf ta’a jedhee amanu filachuun filannoo dimokiraatawaatiin mootummaa ijaaruu akka danda’u qabatamaan agarsiisuu isaas ibsaniiru. Filannoo waliigalaa torbaffaa irrattis ummanni Itiyoophiyaa sirna dimokiraatawaa fi ijaarsa mootummaa cimaaf kutannoo qabu addunyaaf mirkaneessee jira jedhan. Filannoo kana irratti hirmaannaan lammiileen dammaqinaan hirmaatan lammiileen Itiyoophiyaa biyya alaa jiraataniifi diyaaspooraan Itiyoophiyaa aadaan dimokiraasii dagaagaa akka jiru akka hubatan taasiseera jedhaniiru. Faallaa kanaatiin qaamoleen olola sobaan jibbinsa biyyaa labsan kanneen gaarummaa Itiyoophiyaa hin barbaanne Itiyoophiyaanonni hirmaannaa dammaqinaan akka irra aanan ibsaniiru. Ijaarsi sirna dimokiraasii Itiyoophiyaas gaaffii diyaaspooraa biyya alaa fi biyyoota dimokiraasiin itti shaakalamu ta’uu ibsaniiru. Filannoo waliigalaa torbaffaa irratti hirmaannaan lammiilee Itiyoophiyaa dammaqinaan mul’achuun hawaasni diyaaspooraa ijaarsa aadaa dimokiraasii akka ilaaluu fi haala gaariin akka shaakalu mallattoo gaarii ta’uus eeraniiru. Filannoo kanarratti hirmaannaan ummataa kaka’umsaa fi kutannoo ijaarsa biyyaa fi guddina waliigalaa addunyaaf qaban kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru. Lammiileen Itiyoophiyaa fi Itiyoophiyaanonni biyya alaa jiraatan carraawwan invastimantii uumaman irratti akka hirmaatan waamicha dabarsaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Manni maree bulchiinsa nannoo Hararii ajandaawwan garagaraa irratti murtee dabarse
Jun 8, 2026 54
Waxabajjii 1/2018 (ENA)- Manni maree bulchiinsa nannoo Hararii (Kaabinee) ajandaawwan garagaraa irratti erga mari’atee booda murtee dabarseera. Manni marichaa jalqaba irratti wixinee labsii Ejensii sabqunnamtii Hararii jedhu maqaa "Hararii Biroodkaastingi Netwoorki " jedhuun deebisee hundeessuuf qophaa'e irratti mari'ateera. Kuniis aangoo fi hojii dhaabbata sabqunnamtii ummataa sadarkaa guddina dhaabbilee tajaajila ummataa amma irra jiran waliin akka walsimu gochuun tajaajila kannu ga'umsaa fi qulqullinaan hojii bu’a qabeessa ta'e akka raawwatu dandeessisuuf akka haaraatti hundeessuun barbaachisaa ta’uu ibsameera Manni marichaa wixinee Labsii kana irratti gadi fageenyaan erga mari'ateen booda yaada itti dabaluudhaan akka ragga'u mana marii naannichaaf dabarseera. Ajandaa Lammaffaatiin wixinee labsii mana marii qindeessaa fi tumsa walta’iinsa godaansa seeraan alaa hundeessuuf bahe irratti mari’ateera. Dambiin kuni Haala qabatamaa naannichaa jiru bu’uura gochuun qaamoolee dhimmichi ilaalu kan hammate mana marii qindeessaa fi tumsa waloo hundeessuun yakka daldala dhala namaa fi karaa seeraan alaatiin daangaa ce’uu ittisuu fi qaamoolee yakka raawwatan itti gaafatamsiisuuf kan dandeessisu ta'uu eerameera. Kana malees gurmaa'iinsa hubannoo ummataaf uumuudhaan saaxilamummaa lammiilee hir’isuu fi jijjiirama hundagaleessa fiduuf kan dandeessisu ta'uun ibsameera. Manni marichaa labsii kanarratti marii bal’aa erga taasiseen booda sagalee guutuun raggaasiseera. Ajandaa sadaffaatiin wixinee labsii Inshuraansii fayyaa hawaasa fooyyessuuf qophaa’e irratti mari’ateera. Labsiin kuni hojiiwwan jajjabeessaa inshuraansii fayyaa hawaasaa kanaan dura hojiirra tureen hojjataman fooyyessuu akkasumaas hojimaata kana bifa qindoomina qabuun caasaa bulchiinsa naannichaa sadarkaan jiran hundaan walitti hidhuun bulchuu fi Aadaa wal deeggarsa hawaasa naannichaa cimsuun tajaajila fayyaa qulqulluu, haqa qabeessaa fi itti fufiinsa qabu diriirsuuf kan kaayyeffate tahuu ibsameera. Kana malees, hojii fi itti gaafatamummaa qaamoolee hoji raawwachiiftuu inshuraansii fayyaa hawaasa keessatti hirmaatan ifatti kaa'uun sirna qabeenya walitti qabuu fi itti fayyadama faayinaansii itti gaafatamummaa qabu diriirsuuf kan dandeessisu ta'uu ibsameera. Manni Marichaa wixinee labsii kana irratti bal’inaan erga mari’atee booda hojiirra akka ooluuf sagalee guutuun raggaasiseera. Dhumarrattiis wixinee labsii koomishinii tuuriizimii hundeessuuf bahe irratti mari’ateera. Naannoon Hararii qabeenya hambaalee lama sadarkaa UNESCO' ti galmeessite dabalatee, hambaalee qabatamaa fi qabatamaa hin tahin hedduu qabdi. Qabeenya turiizimii kana guddina dinagdee naannichaaf gumaacha qabu guddisuufi iddoowwan hawwata turiizimii haarawaa fi roga ikoo turiizimiitiin bu'aa galmeessuuf gurmaa’insaa fi abbummaan qaama hogganu akka qabaatuu gochuu fi hojimaata diriirsuun dameen turizimii ofiin hogganamu, akkasumaas baajataa fi bulchiinsa humna namaatiin dhaabbata bilisummaa qabu gochuun fayyadamtummaa turiizimii guddisuuf "Koomishiinii Turiizimii" hundeessuun barbaachisaa ta'uu ibsameeera . Manni Marii naannichaa wixinee labsii kana irratti gadi fageenyaan erga mar'ateen booda sagalee guutuun raggaasiseera.
Qulqullinaa fi nageenya nyaataa mirkaneessuuf kan dandeessisan laabraatooriin ijaaramaa jiru - Abbaa Taayitaa Nyaataa fi Qorichaa Itiyoophiyaa
Jun 8, 2026 162
Waxabajji 1/2018 (ENA): Abbaan Taayitaa Nyaataa fi Qorichaa Itiyoophiyaa nageenya nyaataa mirkaneessuuf dandeettii laabraatoorii ijaaraa jiraachuu beeksise. Abbaan taayitichaa guyyaa nageenya nyaataa addunyaa sababeeffachuun mata duree “Rakkoo nageenya nyaataa irraa gara furmaataatti: Nyaata nageenyi isaa eegame bakka hundatti” jedhuun waltajjii marii gaggeessaa jira. Daarektarri Olaantuun abbaa taayitichaa Heeran Garbaa wayita sana akka jedhanitti, Nageenyi nyaataa daa’imman dabalatee namoota miliyoonaan lakkaa’aman addunyaa maraaf rakkoo fayyaa ta’uu ibsani. Itiyoophiyaatti rakkoo fayyaa wabii nyaataatiin dhufu hir’isuuf dandeettiin laabraatoorii fi hojiin ittisaa hojjetamaa akka jirus himaniiru. Qindoomina qooda fudhattootaa, akkasumas qo’annoo fi qorannoo teeknooloojii cimsuun cancala dhiyeessii nyaataa cimsuuf deeggarsaafi hordoffiin taasifamaa jira jedhaniiru. Daarektarri olaantuun kun akka jedhanitti, dandeettiin laabraatoorii qulqullinaa fi nageenya nyaataa mirkaneessuuf ijaaramaa jira. Waltajjiin kun nageenya nyaataa mirkaneessuuf waltajjii yaada waliif qoodu ta’uu ibsaniiru. Akkasumas, bu’uura seeraa cimaan hojiirra kan oolu ta’uu fi laaboraatoorii dambii, sadarkaa nyaataa fi qulqullinaa keessatti dandeettii ijaaruuf akka hojjetamu ibsaniiru. Guyyaan Nageenya Nyaataa Addunyaa Itiyoophiyaatti yeroo 7ffaaf akka addunyaatti yeroo 8ffaaf sagantaalee adda addaatiin kabajamaa jira. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Siyaasa

Garee Hidhatee Socho'u Kamiyyuu Waliin Hariiroo Hin Qabu - ONLF
Jun 8, 2026 244
Waxabajji 01/2018 (ENA): Addi Bilisummaa Biyyaalessaa Ogaadeen (ONLF) gareewwan hidhatan waliin hariiroo qaba jedhamuun odeeffannoon tamsa'u soba ta'uu ibse. ONLF waliigaltee nagayaa mootummaa Itiyoophiyaa waliin mallatteesseef kutannoo jabaa qabu irra deebi'ee mirkaneesseera. Dhaabbatichi ibsa baaseen, humnoota hidhatan kamiyyuu waliin gonkumaa akka hin tumsine, waa'ee jijjiirama hoggansa yeroo ammaa dhaabbatichaa fi toora hojii sirrii qofa irratti xiyyeeffachuun ibsa bal'aa kenneera. Guutuun Ibsa ONLF Dhimma Kana Irratti Kenne Akka Armaan Gadiitti Dhiyaateera: Addi Bilisummaa Biyyaalessaa Ogaadeen (ONLF) gareewwan hidhatan waliin hariiroo qaba jedhamu jabeessee kan mormu yoo ta'u, waliigaltee nagayaa mootummaa Itiyoophiyaa waliin mallatteeffameef ejjannoon isaa kan hin jijjiiramne ta’uu irra deebi'ee mirkaneessa. Keewwattoota waliigaltichaa guutummaatti kabajuu fi hojiirra oolchuuf qophii ta'uu isaas ni ibsa. Haaluma walfakkaatuun, ONLF Mootummaan Itiyoophiyaa waadaa gale akka kabajuu fi guutummaatti hojiirra oolmaa waliigaltee kanaa amanamummaan akka mirkaneessu eega. Waliigalteen nagaa Onkololeessa 21 bara 2018 Asmaraatti mallatteeffame, nagaa fi tasgabbii har'a Naannoo Somaaleetti mul'atuuf akka bu'uuraatti tajaajileera. Erga waliigalteen kun hojiirra oolee kaasee, naannichi naannolee Itiyoophiyaa keessatti nagaa fi tasgabbii qaban keessaa tokko ta'uuf kan danda'e yoo ta'u, kunis barbaachisummaa waliigaltichaa fi kutannoo qooda fudhattoota hundaa nagaa itti fufiinsa qabu fiduuf qaban agarsiisa. ONLF waliigalteen nagaa Asmaraa Naannoo Somaalee fi Gaanfa Afriikaa bal'aadhaaf bu'aa guddaa akka argamsiise amana. Kana malees, ONLF galmoota baay'ee seenaa isaa keessatti irratti qabsaawaa ture akka milkaa'aniif gumaacha gaarii taasiseera. Kanaafuu, ONLF gocha ykn amala nagaa, tasgabbii fi misooma Naannoo Somaalee keessatti argame jeequu danda'u kamiyyuu jabeessee morma. Haaluma kanaan, namoonni dhuunfaa muraasni karaa waliigaltee nagaa kanaan fedhii dhuunfaa isaanii guuttachuu socho'an, walitti bu'iinsa haaraa kakaasuuf yaaluun maqaa dhaabbatichaa hayyama malee fayyadamuu isaanii guutummaatti fudhatama dhabsiisa. ONLF carraaqqiwwan akkanaa qajeeltoo dhaabbatichaa kan hin ibsine ykn faayidaa Naannoo Somaalee fi uummata isaa kan hin tajaajille ta'uu amana. Akka carraaqqiwwan kun nagaa fi tasgabbii naannichatti dadhabbi guddaadhaan dhufe shakkii malee balaa irra kan buusan yoo ta'u, ajandoota naannichaan alaa ta'anii fi hawwii seera qabeessa uummata Naannoo Somaalee waliin walitti bu'an kan deeggaran dha. Kana malees, ONLF dhaabbata biraa kamiyyuu kan mootummaa Itiyoophiyaa yeroo ammaa kuffisuuf kaayyoo godhate waliin tumsa kamiyyuu akka hin uumne qaama dhimmi ilaallatu hundaaf ifa gochuu barbaada. Mootummaa aangoorra jiru humnaan kuffisuuf qabsaa'uu ykn dhaabbata kaayyoon isaanii inni jalqabaa aango mootummaa meeshaa waraanaatiin qabachuu ta'an waliin hirmaachuun kaayyoo ONLF ta'ee hin beeku. Ergamni ONLF yeroo hunda mirga, faayidaa fi hawwii uummata Naannoo Somaalee kabachiisuu irratti kan xiyyeeffatedha. Kaayyoowwan kana qajeeltoo marii fi waliigaltee waloo irratti hundaa'uun, karaa nagaa fi dimokiraatawaa ta'een galmaan gahuuf kutannoo qabaatee itti fufa. Kanaafuu, ONLF gareewwan hidhatan kanneen mootummaa Itiyoophiyaa waliin walitti bu'iinsa keessa jiran waliin hariiroo, tumsa ykn hirmaannaa kamiyyuu akka hin qabne irra deebi'ee mirkaneessa. ONLF hariiroo nagaatiif guutummaatti kutatee kan itti fufu yoo ta'u, gochoota nagaa, tasgabbii fi faayidaa uummata Naannoo Somaalee balaa irra buusan kamiyyuu ni balaaleffata. ONLF dabalataan, duraan dura-taa'aa paartichaa kan turan obbo Abdirahmaan Maahdi hayyamaa fi bakka bu'ummaa dhaabbatichaa malee dhuunfaan socho'uudhaan maqaan dhaabbatichaa seeraan ala faayidaa irra ooluu isaa ibseera. Obbo Abdirahmaan Maahdi yeroo ammaa paartii ONLF keessatti bakka hoggansaa kamiyyuu kan hin qabne yoo ta'u, paarticha, imaammata ykn kaayyoowwan isaa bakka hin bu'an. Bara 2025 (A.L.A) Waxabajjii keessa yaalii kora ONLF Jigjigaatti gaggeeffameen obbo Abdirahmaan Maahdi itti gaafatamummaa dura-taa'ummaa irraa seeraan kan kaafaman yoo ta'u, Obbo Abdikaariim Sheek Muusee dura-taa'aa haaraa paartii ONLF ta'uun sirnaan filataman. Kanaafuu, guyyaa sanaa eegalee tarkaanfiiwwan obbo Abdirahmaan Maahdiin fudhataman, murteewwan dabarsaman ykn ibsa kennaman kamiyyuu ejjennoo seera qabeessa paartii ONLF kan bakka hin buune waan ta'eef, akka ilaalchaa fi gocha dhuunfaa isaaniitti ilaalamuu qabu. Paartiin ONLF fuula X (Twitter duranii) ‘@ONLFofficial’ jedhamuun beekamu seera qabeessa paartichaa akka hin taane ibsuu barbaada. Fuulli kun kan obbo Abdirahmaan Maahdiin bulfamu kan dhuunfaa yoo ta'u, qabiyyeewwan maxxanfaman imaammata, ejjennoo ykn ibsa seera qabeessa paartii ONLF bakka hin bu'an. ONLF qaamoleen dhimmi ilaallatu hundi, deeggartoonni, dhaabbanni miidiyaa fi uummatni of-eggannoo akka taasisan fi waa'ee ejjennoo akkasumas sochiilee paartichaa odeeffannoo argachuuf sarara hojii seeraan eeyyamame qofa irratti akka hundaa'an gaafateera. #ENA_Afaan_Oromoo #TOI #ENA
Filannoon Waliigalaa 7ffaa Itiyoophiyaan akka injifattuuf karoora qabameef milkaa’inaan kan itti raawwatedha- obbo Adam Faaraah
Jun 7, 2026 2079
Caamsaa 30/2018 (ENA): Filannoon Waliigalaa 7ffaa Itiyoophiyaan akka injifattuuf karoora qabameef milkaa’inaan kan itti raawwatedha jedhan sadarkaa itti aanaa ministira muummee fi itti gaafatamaa giddugala qindoomina ijaarsa sirna dimokiraasii fi itti aanaan pireezdaantii Paartii Badhaadhinaa obbo Adam Faaraah. Marii fi madaalliin hoggantoota olaanoo Paartii Badhaadhinaa Naannoo Somaalee, Riizortii Shabaleetti, guyyoota lamaan dabran gaggeeffamaa ture xumurameera. Obbo Adam Faarah ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin; waltajjicharratti raawwii karoora hojii Paartii Badhaadhinaa hanga guyyaa filannootti ture gadi fageenyaan madaluun, hojiiwwan filannoon booda irrattis hubannoo waloo irra gahameera jedhan. Boordiin Filannoo, paartilee siyaasaa, humnoonni nageenyaa, dhaabbileen taajjabdootaa fi uummatni kutannoo jabaan sagalee kennuuf hiriire milkaa'ina seena qabeessa kanaaf qooda gumaachaniif galata guddaa galchaniiru. Waltajjichaan cinattis gaggeessitoonni hojiiwwan misoomaa Magaalaa Jigjigaatti hojjetamaa jiran daawwachuu fi milkaa'ina carraaqqii mootummaa naannichaa fi uummataan galmeeffamaa jiru hubachuu isaanii eeraniiru. Kanaanis, hojii misooma kooridarii bifa magaalattii guutummaatti jijjiire, Hospitaala Poolisii haaraa humnoota nageenyaaf tajaajila fayyaa olaanaa kennu, akkasumas Tajaajila Giddugala Tokkoo 'Masoob' daawwachuu isaanii ibsaniiru. Jijjiiramni ariifataan Jigjigaatti argame, bu'a qabeessummaa imaammatoota misoomaa fi bulchiinsa gaarii Paartii Badhaadhinaa qabatamaan kan mirkaneessee fi naannolee biroofis fakkeenya kan ta'u ta'uu eeraniiru. Waliigalaan, carraaqqii fi kutannoo olaanaan diimokiraasii dhugaa bu'aalee misoomaa, bulchiinsa gaarii fi nageenya qabatamaa waliin qindeessuudhaan, milkaa'ina badhaadhina waliigalaa Itiyoophiyaa qabatamaan mirkaneessuun cimee akka itti fufu hubachiisaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #TOI #ENA
Birmadummaa biyyaa eeguu fi kabachiisuuf wareegama kamiyyuu kaffaluuf qophiidha - qondaaltota waraanaa eebbifaman
Jun 7, 2026 1277
Caamsaa 30/2018 (ENA): Gargaarsa ogummaa loltummaa ammayyaa fi beekumsa yeroon gaafatu barnoota isaanii horataniin, qondaaltonni loltuu Mana Barumsaa Leenjii Kaadhimamaa Qondaala Hursoo irraa eebbifaman, birmadummaa biyyaa eeguu fi kabachiisuuf wareegama kamiyyuu kaffaluuf qophii ta’uu dubbatani. Manni Barumsaa Leenjii Kaadhimamaa Qondaala Hursoo Koorsii obsaa marsaa 27ffaa kaleessa eebbiseera. Sirna eebbaa kanarratti kan argaman Hogganaan waliigala Raayyaa Ittisa Biyyaa Federaalaa Fiildii Maarshaal Birhaanuu Juulaa kaadhimamaa qondaala yeroo barnoota isaaniitti bu’aa olaanaa galmeessisaniif eebbisuun isaanii ni yaadatama. Eebbifamtoota keessaa itti aanaa ajajaa dhibbaa Zakkaariyaas Abaatee leenjii fi muuxannoo ammayyaa mana barumsichaa keessatti argatanitti fayyadamuun ergama biyyaalessaa isaaniif kenname kamiyyuu karaa bu’a qabeessa ta’een raawwachuuf qophii ta’uu ibsaniiru. Qondaalli eebbifaman kan biraa itti aanaa ajajaa dhibbaa Taaddalaa Naaniyoo akka ibsanitti, daangaa Itiyoophiyaa irratti bobba’uun, dantaa biyyattii fi lammiilee ishee eeguun tajaajiluun, ergama ramadaman karaa bu’a qabeessa ta’een raawwachuu irratti muuxannoo guddaa akka isaaniif kenne ibsaniiru. Ergama isaanii gara fuula duraa gahumsaa fi gootummaa guddaadhaan raawwachuuf leenjiin qabatamaa fi ti’oorii waraanaa yeroo leenjii isaaniitti argatan murteessaa ta’uu ibsaniiru. Itti aantuun ajajaa dhibbaa Maastawaal Ballaxaa gamasaaniitiin, miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa dubartoonni qormaanni kamuu jiraatus, birmadummaa fi daangaa Itiyoophiyaa, akkasumas nageenyaa fi ulfina lammiilee ishee mirkaneessuuf hamilee fi gahumsa guddaadhaan hojjechaa akka jiran ibsaniiru. Itti aantuun ajajaa dhibbaa qondaalli biraa Heewaan Amaan, gara hoggansaatti ce’uun itti gaafatamummaa biyyaalessaa fi ummataa guddaa ta’uu himani. Biyya isaanii diina alaa fi keessoo irraa eeguu fi kabaja Itiyoophiyaa fi ummata ishee jabeessanii mirkaneessuuf wareegama kamuu kaffaluuf qophii ta’uus dubbataniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #TOI #ENA
Filannoon Waliigalaa Torbaffaan filannoo dubartoonni dammaqinaan irratti hirmaatanii fi mirga dimokiraasii isaanii itti fayyadamaniidha
Jun 7, 2026 1253
Caamsaa 30/2018 (ENA): Filannoo Waliigalaa Torbaffaan filannoo bilisaa fi haqa qabeessa dubartoonni dammaqinaan hirmaatanii fi mirga dimokiraasii isaanii itti fayyadaman ta’uu Pireezidaantiin Waldaa Dubartoota Magaalaa Finfinnee aadde Innaataalam Indaalee ibsaniiru. Filannoo Waliigalaa Torbaffaan, Caamsaa 24, 2018 Itiyoophiyaatti gaggeeffame, gareen taajjabdoota filannoo Gamtaa Afrikaa, IGAD fi dhaabbilee hawaasa siivikii adda addaatiin hordoffiin taasifameera. Waldaan Dubartoota Magaalaa Finfinnee dhaabbilee siivikii naannoo 55 filannoo kana jaajaban keessaa isa tokkodha. Turtii ENA waliin taasisaniin Pireezidaantiin waldichaa Innaataalam Indaalee filannoon mul’ata dimokiraasii lammiileen mirga isaanii itti fayyadamanii paartii naaf ta’a jedhan itti filatan akka ta’e ibsaniiru. Biyya cimaa ijaaruuf hirmaannaan hawaasa hundaa murteessaa ta’uu ibsuun, Filannoon Waliigalaa Torbaffaan haala siyaasaa hirmaannaan dubartootaa dammaqinaan itti mirkanaa’e ta’uu ibsaniiru. Dubartoonni mirga dimokiraasii isaanii akka fayyadamanii fi filannoo waliigalaa irratti dammaqinaan akka hirmaatan, eeyyama Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaatiin barnootaafi hubannoo lammummaa fi filannoo akka kennan ibsaniiru. Guyyaa sanatti miseensota kuma lamaa ol leenjisuun taajjabdoota filannoo ramaduu isaanii ibsuun, lammiileen hedduun kaardii filannoo isaanii fudhachuun sagalee kennaniiru jedhan. Akkasumas, lammiileen karaa nagaa, haqa qabeessaa fi dimokiraatawaan gidduu seenummaa tokko malee sagalee kennuu isaanii hubachiisaniiru. Waldaan Dubartoota Magaalaa Finfinnee bara 1990 kan hundeeffame yoo ta'u, miseensota walakkaa miliyoonaa ol qaba jedhameera. #ENA_Afaan_Oromoo #TOI #ENA
Naannoleen filannoo 825 qabxii kan yeroo ifoomsaniiru-Boordii filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa
Jun 6, 2026 3037
Caamsaa 29/2018 (ENA)- Filannoo walii galaa torbaffaa gaggeeffameen naannoleen filannoo 825 qabxii kan yeroo ifoomsaniiruu isaanii boordii filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Walitti qabduun boordichaa Meelaatwarqi Hayiluu ibsa miidiyaaleef kennaniin, filannoon walii galaa torbaffaan Caamsaa 24 bara 2018 gaggeeffame hirmaannaa ummataa olaanaa ta’een milkaa’inaan xumurameera. Guyyaa filannichaa filannoon barii sa’aatii 12 irraa eegalee halkan sa’aatii 6tti xumuramuunsaa ni yaadatama. Bariituu filannichaarraa eegalee qabxiileen filannoo buufataalee filannootti maxxanfamaa ooluu ibsanii, qabxiileen buufataalee filannoo iccitiidhaan naannolee filannoo geeffamuusaanii fi hojiin walitti ida’uu hojjetamaa turuu himaniiru. Haala Kanaan boordichi naannolee filanoo, filannoo itti gaggeesse kuma 1 fi 138 keessaa 825 hojii walitti ida’uu guutummaatti xumuranii qabxii yeroo ifoomsaniiru jedhaniiru. Naannoleen filannoo hafan hojii walitti ida’uu hojjechaa akka jiran beeksisaniiru. Naannoleen filannoo hafan kunneen guyyaa muraasa keessatti xumuranii qabxii akka beeksisan walitti qabduun boordichaa Meelaatwarqi Hayiluu mirkaneessaniiru. See less
Paartiin Badhaadhinaa Adeemsa Filannoo Waliigalaa 7ffaa fi Raawwii Karoora filannoo paartichaa gamaggamuu eegale
Jun 6, 2026 1668
Caamsaa 27/2018 (ENA):– Paartiin Badhaadhinaa adeemsa filannoo waliigalaa 7ffaa fi raawwii karoora filannoo paartichaa magaalaa jigjigaatti gamaggamuu eegaleera. Waltajjichi Koree Qindeessaa Filannoo Biyyaalessaa Paartii Badhaadhinaa fi hoggantoota olaanoo paartichaa kan federaalaa fi naannoo dhimmi ilaallatu argamanitti gaggeeffamaa jira. Paartichi karoora filannoo waliigalaa 7ffaa isaarratti hundaa’uudhaan raawwii yeroo duraa fi yeroo filannoo ni gamaggama, ciminootaa fi hanqinootas adda ni baasa jedhamee eegama. Kana malees, yeroo filannoo boodas dhimmoota xiyyeeffannoo argachuu qaban irratti kallattii ni kaa'a jedhameetu eegama.

Hawaasummaa
Agarsiisni Kitaabaa Yuunivarsiitii Finfinnee waggaa 18ffaa mooraa guddicha yunivarsiitichaa Siddisti kiilootti baname
Jun 8, 2026 78
Waxabajji 1/2018 (ENA): Agarsiisni Kitaabaa Yuunivarsiitii Finfinnee waggaa 18ffaa mooraa guddicha yunivarsiitichaa Siddisti kiiloo keessatti banameera. Agarsiisni kun Waxabajji 1 hanga 7/2018 kan gaggeeffamu yoo ta’u, raabsitoonni kitaabaa, maxxansitoonnii fi manneen kitaabaa 40 ol hirmaataa jiru. Agarsiisa kitaabaa kana irratti kitaabonni turanii fi haaraan hedduun damee beekumsaa hunda irratti xiyyeeffatan gatii hir’ifameen dubbistootaaf kan dhiyaatan yoo ta’u, kitaabonni haaraan ni eebbifamu jedhamee eegama. Akka Pireezidaantii eeggataa Itti Aanaa Yuunivarsiitii Finfinnee Dr. Saamu’eel Kifilee waltajjii kanarratti argamanii dubbatanitti, Maxxansi Yunivarsiistii Finfinnee (Addis Ababa University Press) waggoota 50 oliif kitaabota hedduu maxxansee akka dhiyaatu taasiseera jedhani. Imala yuunivarsiitichi gara ofiin of bulchuutti taasifamu keessatti dandeettii maxxansaa yunivarsiitii Finfinnee guddisuu fi gabaa ammayyaa fayyadamuudhaan qaqqabummaa isaa babal’isuuf tattaaffiin taasifamaa turuu ibsaniiru. Beekumsa gara dhaloota dhufutti dabarsuu fi dorgomtummaa dhaabbatichaa dhaabbilee walfakkaatan biroo waliin taasifamu dabaluun hubannoo namtolchee fi teeknooloojii dijitaalaa fayyadamuun akka itti fufu ibsaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Qulqullinaa fi nageenya nyaataa mirkaneessuuf kan dandeessisan laabraatooriin ijaaramaa jiru - Abbaa Taayitaa Nyaataa fi Qorichaa Itiyoophiyaa
Jun 8, 2026 162
Waxabajji 1/2018 (ENA): Abbaan Taayitaa Nyaataa fi Qorichaa Itiyoophiyaa nageenya nyaataa mirkaneessuuf dandeettii laabraatoorii ijaaraa jiraachuu beeksise. Abbaan taayitichaa guyyaa nageenya nyaataa addunyaa sababeeffachuun mata duree “Rakkoo nageenya nyaataa irraa gara furmaataatti: Nyaata nageenyi isaa eegame bakka hundatti” jedhuun waltajjii marii gaggeessaa jira. Daarektarri Olaantuun abbaa taayitichaa Heeran Garbaa wayita sana akka jedhanitti, Nageenyi nyaataa daa’imman dabalatee namoota miliyoonaan lakkaa’aman addunyaa maraaf rakkoo fayyaa ta’uu ibsani. Itiyoophiyaatti rakkoo fayyaa wabii nyaataatiin dhufu hir’isuuf dandeettiin laabraatoorii fi hojiin ittisaa hojjetamaa akka jirus himaniiru. Qindoomina qooda fudhattootaa, akkasumas qo’annoo fi qorannoo teeknooloojii cimsuun cancala dhiyeessii nyaataa cimsuuf deeggarsaafi hordoffiin taasifamaa jira jedhaniiru. Daarektarri olaantuun kun akka jedhanitti, dandeettiin laabraatoorii qulqullinaa fi nageenya nyaataa mirkaneessuuf ijaaramaa jira. Waltajjiin kun nageenya nyaataa mirkaneessuuf waltajjii yaada waliif qoodu ta’uu ibsaniiru. Akkasumas, bu’uura seeraa cimaan hojiirra kan oolu ta’uu fi laaboraatoorii dambii, sadarkaa nyaataa fi qulqullinaa keessatti dandeettii ijaaruuf akka hojjetamu ibsaniiru. Guyyaan Nageenya Nyaataa Addunyaa Itiyoophiyaatti yeroo 7ffaaf akka addunyaatti yeroo 8ffaaf sagantaalee adda addaatiin kabajamaa jira. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Raayyaan ittisa biyyaa gurmaa’insa yeroon barbaaduu fi ga’umsa olaanaatiin birmadummaa fi kabaja biyyaa eegaa jira-Fiildi Maarshaal Biraanuu Juulaa
Jun 6, 2026 1535
Caamsaa 29/2018(ENA)- Raayyaan ittisa biyyaa gurmaa’insa yeroon barbaaduu fi ga’umsa olaanaatiin birmadummaa fi kabaja biyyaa eegaa akka jiru etaamaajoor shuumiin humnoota waraanaa walii galaa FDRI Fiildi Maarshaal Biraanuu Juulaa ibsan. Manni barnootaa leenjii qondaaltotaakaadhimamoo Hursoo kaadhimamtoota qondaaltotaa koorsii tsinaat marsaa 27ffaaf leenjise har’a eebbisiiseera. Sirna eebbaarratti kan argaman fiildi maarshaal Biraanuu Juulaa, raayyaan gurmaa’insaa fi ga’umsa yeroon barbaaduun deeggaramee birmadummaa fi kabaja biyyaa eegaa akka jiru ibsaniiru. Itiyoophiyaan biyya gootonni baraa baraatti birmadummaa fi kabajashee eeganii nuun gahan ta’uushee ibsanii, yeroo ammaas raayyaan ga’umsasa olaanaanaan qabatamaan agarsiisaa jira jedhaniiru. Raayyaan ergama badii baandaawwanii fi ergamtoota diinota alaarraa ergama fudhatanii biyya miidhanii fashaleessaa fi hordofee tarkaanfii cimaa fudhachaa akka jiru ibsaniiru. Kan har’a eebbifamanis haleellaa birmadummaa fi faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaarratti aggaamaman qolchuudhaan gootummaasaanii agarsiisuu akka qaban hubachiisaniiru. Eebbifamtoonni beekumsa loltummaa ammayyaa fudhatan muuxannoo qaban waliin qindeessuudhaan raawwii ergama raayyaa gara sadarkaa olaanaatti ceesisuun akka irraa eegamu hubachiisaniiru. Ajajaan mana barumsaa leenjii qondaaltota kaadhimamtootaa Hursoo koloneel Kadir Caancoo gamasaaniin, manni barumsaa seena qabeessi kun gootota birmadummaa fi kabaja Itiyoophiyaa aarsaa olaanaadhaan eegan horachuusaa itti fufuusaa ibsaniiru. Eebbifamtoonni ga’umsa qaamaan, ilaalchaan,xin-sammuu fi dhimmoota bu’uraa biroo irratti leenjii ga’aa waan fudhataniif dirqama kennamuuf kamiyyuu ga’umsaan bahachuu akka danda’andubbataniiru. Miseensonni haraa eebbifaman gama isaaniitiin, beekumsaa fi ogummaa loltummaa gonfataniin deeggaramuun itti fufiinsa biyyaa mirkaneessuuf qooda isaanii akka bahan mirkaneessaniiru. Qormaatilee Kamiyyuu keessatti nageenya lammiilee, birmadummaa fi daangaa biyyaa eeguufis waadaa galaniiru. Sagantaa kana irratti, Ministeera raayya Ittisa Biyyaatti Hogganaan Barnootaa fi Leenjii Jeneraal Yimar Mokonnin, leenjifamtoota yeroo leenjii isaaniitti kaadhimamtoota raawwii caalmaa qabaniitiif sadarkaan kennameera. Eebba kana irratti, Ajajaan Muummee Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa Leetanal Jeneraal Yilmaa Mardaasaa akkasumas, qondaaltota waraanaa olaanoo, Itti Aantuun Pirezidaantii Naannoo Hararii Aadde Roozaa Umar, Itti Aanaan Kantiibaa Bulchiinsa Dirree Dawaa Obbo Harbii Buuhii, Bulchituun godina Harargee Bahaa Aadde Miskii Mahaammad, akkasumas Ugaazoonnii fi Abbootiin Gadaa argamaniiru.
Hirmaannaan cimaan Filannoo Dargaggootaa egeree Itiyoophiyaa ijaaruuf humna guddaa uuma
Jun 6, 2026 631
Caamsaa 29/2018 (ENA)–Hirmaannaan cimaan dargaggoonni filannoo walii galaa torbaffaa irratti taasisan, egeree Itiyoophiyaa bu'uura dimookiraasii cimaa irratti ijaaruuf humnaa fi carraa guddaa kan uume ta'uu Federeeshiniin Dargaggoota Itiyoophiyaa beeksise. Filannoon walii galaa Itiyoophiyaa torbaffaan Caamsaa 24 bara 2018 gaggeeffamuunsaa kan yaadatamu yoo ta'u, kanaanis Itiyoophiyaanonni filataniiru, Itiyoophiyaanis mo'atteetti. Bakka bu'aan Pirezdaantii Federeeshinii Dargaggoota Itiyoophiyaa Aleksaandar Nugusee ENA’f akka ibsanitti; Federeeshinichi adeemsa filannichaa keessatti sadarkaa biyyaalessaatti dargaggoota taajjabdummaa fi adeemsa barnoota filattootaa kennuu keessatti hirmaachisuun itti gaafatamummaa isaa ba'achaa turuu dubbataniiru. Kanaanis, filannicha irratti sadarkaa biyyaalessaatti dargaggoota kuma 32 fi 500 taajjabdummaan, gama qindeessummaatiin ammoo dargaggoota kuma 2 fi 500 bobbaasuun kan hirmaachise yoo ta'u, hojiiwwan hubannoo uumuu dandeessisan hojjetamuu isaanii ibsaniiru. Adeemsa kanaan taajjabdoonni Federeeshinichaa bakka bu'oota paartilee siyaasaa adda addaa, dhaabbata hawaasa siivilii fi raawwachiiftota filannoo waliin qindoominaan hojjechuun itti gaafatamummaa isaanii dandeettiin ba'achuu isaanii eeraniiru. Filannoo biyyaalessaa gaggeeffame kanaan dargaggoonni hirmaannaa cimaa taasisuun isaanii, egeree Itiyoophiyaa ijaaruu kan danda'an humnaa fi carraa kan uumu ta'uu ibsaniiru. Filannichi Itiyoophiyaa keessatti siyaasa tasgabbaa'aa fi adeemsa ijaarsa sirna dimookiraasii gabbateef bu'uura gaarii qabachaa jiraachuu kan agarsiisudhas jedhaniiru. Kunis, Itiyoophiyaa badhaate dhaloota dhufuuf dabrsuuf carraa guddaa kan uume ta'uu itti dabaluun kaasaniiru. Keessattuu, filannoo walii galaa baranaatiin paartileen siyaasaa dorgomtoota ta'an adda addaa, dargaggoonni hirmaannaa siyaasaa keessatti akka taasisan carraa kan kennan ta'uus dubbataniiru.
Diinagdee
Naannoo Oromiyaatti lafa hektaara kuma 240 irratti muduraan misoomaa jira
Jun 8, 2026 23
Waxabajjii 1/2018 (ENA)-Naannoo Oromiyaatti lafa heektara kuma 240 irratti muduraan misoomaa akka jiru Biroon Qonnaa Naannichaa beeksiseera. Naannichi haala mijataa misooma muduraaf qabutti fayyadamuun, bara baajataa kana omisha muduraa kuntaala miiliyoona 29 omishuu isaas ibseera. Biiroo Qonna Oromiyaatti Daarektarri Misooma muduraa Obbo Chaalachoo Addunyaa ENA waliin turtii taasisaniin; naannichatti erga imala jijjiiramaa booda damee misooma muduraaf xiyyeeffannoon addaa kennamee hojjetamaa jiraachuu eeraniiru. Naannichi misooma muduraaf haala qilleensaa mijataa, rooba gahaa fi gosa biyyee mijataa kan qabu waan ta'eef, omishtummaa damee kanaatiif dandeettii olaanaa akka qabu kaasaniiru. Keessattuu, wabii nyaataa mirkaneessuu fi sirna nyaataa fooyyessuu keessatti shoorri isaa olaanaa waan ta'eef, hojiiwwan hojjetaman hedduun bu'aan akka galmeeffame kan dubbatan daarektarichi, kanaanis fayyadamummaan qonnaan bultootaa guddachaa jiraachuu ibsaniiru. Kanaan walqabatee, gosoota muduraa kanneen akka paappayyaa, Muuzii, Maangoo, Burtukaana, Appilii fi loomii haala teessuma lafaa fi qilleensa godinaalee bu'uura godhachuun misoomaa akka jiru dabalaniianiiru. Damee kana bu'a-qabeessa taasisuuf sanyiiwwan muduraa fooyya'an fayyadamuun fi dandeettii raawwachiisummaa fooyyessuun misoomni kun guddachaa dhufuu isaa ibsaniiru. Kanaanis, bara 2013 misooma muduraa hektara kuma 90 hin caalle ture, yeroo ammaa kana gara lafa hektara kuma 240tti guddisuun misoomaa jiraachuu dubbataniiru. Naannichi haala mijataa muduraaf qabuun fayyadamee bara baajataa kanaan muduraa kuntaala miiliyoona 29 omishuu isaas dubbataniiru. Kanneen keessaas kuntaala miiliyoona 8 ol kan ta'u omisha Avokaadoo ta’uu ibsaniiru. Bara darbe omisha avokaadoo kuntaalli kuma 2 fi dhibba 4 biyya alaatti ergamuu isaa kaasanii, baranas haala fooyya'aan erguuf hojjetamaa akka jiru ibsaniiru. Qonnaan bultoonni pakeejii eksteenshinii qonnaa guutummaatti akka hojiirra oolchaniif deeggarsi ogummaa fi leenjiiwwan adda addaa kennamaafii akka jirus daarektarichi dubbataniiru.
Naannoo Oromiyaatti barana lafa heektara kuma 370 irratti biqiltuun bunaa ni dhaabama
Jun 6, 2026 1529
Caamsaa 29/2018 (ENA): Naannoo Oromiyaatti barana lafa heektara kuma 370 irratti biqiltuun bunaa akka dhaabamu Biiroon Qonnaa naannichaa beeksiseera. Godina Jimmaa Aanaa Maannaa keessattis sagantaan dhaabbii biqiltuu bunaa baranaa eegalameera. Iddoo kanatti argamuun saganticha kan eegalchiisan Hogganaan Biiroo Qonnaa Naannichaa Obbo Geetuu Gammachuu, sanyiiwwan bunaa fooyya'an qonnaan bulaaf dhiyeessuun oomishaa fi oomishtummaa guddisuuf hojiin hojjetame bu'aa argamsiisaa jiraachuu ibsaniiru. Barana biqiltuuwwan bunaa biliyoona 2tuqaa 8 qophaa'anii lafa heektara kuma 370 irratti dhaabamaa akka jiranii fi kunis hanga oomisha bunaa walii gala naannichaa gara heektara miiliyoona 3tuqaa 5tti ol akka guddisu ibsaniiru. Gara fuulduraattis oomishtummaa caalaatti guddisuuf wiirtuuwwan qorannoo qonnaa waliin qindoomuun hojiin sanyiiwwan fooyya'an dhiyeessuun akka itti fufu dubbataniiru. Bulchaan Godina Jimmaa Obbo Tijaanii Naasir gama isaaniitiin waggoottan dabran keessa uwwisni bunaa Godinichaa heektara kuma 300 qofa kan ture, amma gara heektara kuma 600 ol gahuu isaa dubbataniiru. Baranas biqiltuuwwan miiliyoona 700 lafa heektara kuma 200 ol irratti dhaabuuf karoorfamee hojiin eegalameera jedhaniiru. Bulchaan Aanaa Maannaa Obbo Samaruddiin Ahimad aanichatti lafa heektara kuma 9 buna dhaabuuf karoorfamee hojii eegalameen, guyyaa har'aa qofa hirmaannaa uummataatiin lafa heektara 100 irratti biqiltuun dhaabamuusaa ibsaniiru. Qonnaan bultoonni aanichaa kilaasteraan gurmaa'anii jallisiin misoomsuu erga eegalanii as oomishtummaan isaanii haala olaanaaniin guddachuu isaas dabalanii ibsaniiru. Qonnaan bulaan Aanaa Maannaa Ganda ganda Dooyyuu Biqilaa Gaalii Abbaa Zinaab fi Haafiz Badiruu yaada kennaniin; kanaan dura buna dhuunfaa isaaniitiin oomishuuf yaalii taasisaniin oomishni argachaa turan xiqqaachuu isaa yaadachiisaniiru. Amma garuu kilaasteraan gurmoofnee oomishuu erga eegallee fayyadamoo ta'uu dandeenyeerra, oomishni fi oomishtummaan keenyas guddachaa dhufeera jedhaniiru. Qonnaan bultoonni kunneen dabaluunis, yeroo ammaa kana deeggarsi ogeessaa barbaachisaan taasifamaafi waan jiruuf, bara oomishaa kanatti oomisha olaanaa akka eegan ibsaniiru.
Pirojektoonni jallisii xiqaa fi jiddugaleessaa horsiisee bulaan ongeef akka hin saaxilamne gochaa jiru
Jun 6, 2026 571
Caamsaa 29/2018 (ENA)- Pirojektoonni jallisii xiqaa fi jiddugaleessaa naannoo Oromiyaatti ijaaraman hanqina bishaanii fi ongee naannawoota horsiisee bulaatti mudachuu danda’an damdamachuuf humna ta’aa akka jiran biiroon jallisii fi misooma horsiisee bulaa naannichaa ibse. Hogganaan biirichaa injiinar Girmaa Raggaasaa TOI’tti akka himanitti, miidhaa ongee sababa hanqina bishaaniitiin naannichatti loonii fi namarra gahu damdamachuuf pirojektiin Finnaa jedhamu hojiirra oolaa jira. Ijaarsi pirojektootaa xiqqaa fi jiddu galeessaa 73 karaa pirojektii kanaa hojjetamaa jiraachuu eeranii, kanneen keessaa 40 kan ta’an ijaaramanii xumuramanii tajaajilaaf qaqqabaniiru jedhaniiru. Pirojektiin hawaasa horsiisee bulaa biratti hojiirra oolaa jiran dandeettii balaa ongee damdamachuu gabbisuudhaan gumaacha olaanaa gochaa akka jiran hogganaan kun eeraniiru. Keessumaa pirojektoonni kunneen rakkoo godinaalee Boorana, Harargee fi Baaleetti naannawa horsiisee bulaatti sababa ongeetiin namootaa fi loon mudachaa ture furuuf gargaarsa olaanaa gochuusaanii eeraniiru. Pirojektoota kanneen hanqinni bishaanii bakka itti mudatu bakkeewwan birootti bal’isuun rakkoo mudachuu danda’u dursanii qolachuu fi damdamachuuf xiyyeeffatamee hojjetamaa jira jedhaniiru. Pirojektoonni jallisii kunneen guutummaan xumuramanii tajaajila yeroo eegalan hanqina bishaanii naannawaa fulla’insaan furuurra darbee jireenya horsiisee bulaa loon horsiisuu qofarratti hirkate misooma qonnaa waliin walitti hidhuun caalaatti akka fayyadaman taasisu jedhan.
Naannichatti teeknooloojii qonnaa bal’inaan fayyadamuun oomishtummaa guddisuuf xiyyeeffannoon kennameera
Jun 5, 2026 1796
Caamsaa 28/2018 (ENA): Lafa qonnaa babal’isuun alatti, itti fayyadama teeknooloojii qonnaa Naannoo Oromiyaa keessatti dabaluudhaan oomishtummaa guddisuuf xiyyeeffannoon kennamee jiraachuun ibsameera. Godina Iluu Abaa Booraatti qonni Gannaa haalaan kan itti fufe yoo ta’u, har’as hojiin lafa qophaa’e sanyii boqqollootiin uwwisuu aanaa Dooraniitti eegalameera. Akka Hogganaan Biiroo Jallisii fi Misooma horsiisee bultootaa Naannoo Oromiyaa Injiinaar Girmaa Raggaasaa himanitti qonni Bonaa fi Gannaa naannichatti bal’inaan hojjetamaa jira jedhani. Keessattuu waggoota muraasa darbanitti naannichatti misooma jallisii irratti bu’aa gurguddaan argamuu eeruun, ijaarsi hidhaalee misooma jallisii xixiqqaa fi giddu galeessaa cimee hojjetamuu ibsaniiru. Wabii nyaataa mirkaneessuun irra caalaa qonna babal’isuudhaan galma gahuu akka danda’u kan ibsan Injinar Girmaan, naannichatti misooma qamadii Bonaarratti milkaa’inni guddaan galmaa’uu ibsaniiru. Kunis duudhaa kanaan dura waggaatti al tokko oomishamu ture fooyyessee, qonna Gannaaf dandeettii dabalataa uumeera jedhan. Yeroo oomishaa dhufutti lafa misooma qonnaaf oolu danda’u qotuu fi makaanaayizeeshinii qonnaatti fayyadamuun oomishtummaa guddisuuf xiyyeeffannoon kennameera jedhan. Akkasumas Godina Iluu Abaa Booraatti qonna Gannaatiin lafti heektaara kuma 389 midhaan gosa adda addaatiin uwwifamaa jiraachuu ibsaniiru. Hojiin qonna kilaastaraan aanaalee Godinichaa keessatti sanyiidhaan uwwisuu cimee itti fufuus eeraniiru. Dhiyeessiin makaanaayizeeshinii qonnaa omishtummaa guddisu godinaalee hunda keessatti dabalaa jiraachuu eeraniiru. Qonna Gannaa tiraaktaraatiin qotuuf xiyyeeffannoon kennameera jedhan. ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Saayinsii fi teeknooloojii
Inistitiyuutiin Qo'annoo Qonnaa Itiyoophiyaa Qo'annoo Baayoo teknoolojiitiin Raacitii Piroobaayootikii aannan itichitu "Itittuu" jedhamu ifoomse
Jun 8, 2026 136
Waxabajjii 1/2018 (ENA) - Inistitiyuutiin Qo'annoo Qonnaa Itiyoophiyaa qo'annoo baayooteknoolojiitiin raacitii piroobaayootikii aannan itichitu "Itittuu" kan jedhamu ifa taasiseera. Inistitiyuutichi bu'aa qo'annoo haaraa kana kan ifoomse, guyyaa Aannanii Addunyaa ilaalchisee waltajjii marii gamtaa fi agarsiisa har'a qophaa'e irratti. Waltajjicharratti kan argaman Daarektarri Jeneraalaa Inistitiyuutii Qo'annoo Qonnaa Itiyoophiyaa Piroofeesar Nugusee Dachaasaa akka ibsanitti; raacitiin piroobaayootikii haaraan "Itittuu" jedhamu kun, dhaabbanni Qindeessa aannanii biyya keessaa raacitii maallaqa alaan (sharafa alaa) gara biyyaatti galchuun fayyadamaa turan kan biyya keessaan kan bakka bu'uudha. Bu'aan qo'annoo kun dhaabbata qindeessa aannan sharafa alaa irraa oolchuu bira darbee, aannan paaschraayizdii ta'e sa'aatii afur keessatti akka ititu gochuu akka danda'u eeraniiru. Inistitiyuutichi bu'aalee qonnaa qo'annoo irratti taasisu keessaa aannanii fi oomishaaleen aannanii isaan ijoo ta'uu ibsuun, oomishichi wabii nyaataa fi fayyaaf dhimmoota murteessoo ta'an kan qabate ta'uu ibsaniiru. Inistitiyuutiichi gosa midhaanii fi sanyiiwwan beeyladaa fooyya'an qo'annoodhaan baasuun guddina damee kanaaf gumaacha guddaa taasisasaa akka jiru dabalanii eeraniiru. Yeroo ammaas oomishtummaa aannanirratti kan xiyyeeffatan qo'annoowwan adda addaa baayooteknoolojiitiin deeggaraman raawwatamaa akka jiran beeksisaniiru. Guyyaan Aannanii Addunyaa faayidaa oomishni aannanii soorataa fi dinagdeef qabu kan itti yaadannu yoo ta'u, guyyaan kun Dhaabbata Nyaataa fi Qonnaa Mootummoota Gamtoomanii (FAO) tiin A.L.A bara 2001 irraa eegalee kan hundeeffame ta'uun isaa ni beekama.
Naannoo Hararitti dargaggoonni kuma 38 fi 300 ol leenjii Itiyoo Koodarsii (Ethio Coders) fudhataniiru - Ejensii Innooveeshinii fi Teeknooloojii Naannichaa
Jun 5, 2026 1873
Caamsaa 28/2018 (ENA): Naannoo Hararitti dargaggoonni kuma 38 fi 300 ol leenjii Itiyoo Koodarsii fudhataniiru jedhan Hogganaan Ejensii Innooveeshinii fi Teeknooloojii Naannichaa obbo Jamaal Ibraahim. Ibsa Itti Gaafatamaan Ejensichaa obbo Jamaal Ibraahim kennaniin; Leenjiin Koodarsii guddina dandeettii teeknooloojii dijitaalaa lammiilee fi ijaarsa dinagdee dijitaalaa akka biyyaatti jalqabeef gumaacha olaanaa qaba jedhani. Dargaggoota sadarkaa naannootti leenjii kana xumuran keessaa 27,574 hojiiwwan jalqabbii kanaan hanga ammaatti hojjatamaa tureen ragaa argataniiru. Sagantaa kanaan leenjii piroogiraamiingii, saayinsii daataa, hubannoo namtolchee, Andirooyidii fi kanneen kanaan walqabatan kennamaa akka jiran ibsaniiru. Leenjiin kun dargaggoota ogummaan kan hidhachiisu qofa osoo hin taane, lammiilee gahumsa, dorgomaa fi hojiitti hirmaatan akka horatan kan gargaaru ta’uu ibsaniiru. Leenjichi sadarkaa addunyaatti dargaggoota dorgomaa akka taasisu eeruun, dargaggoonni carraa hin arganne gara fuulduraatti galmaa’anii leenji’uu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru. ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Tajaajilli Giddugala Tokkoo (Masoob) Tajaajila Mootummaa Ammayyeessuun Rakkoo Lammiilee furaa jira - Kantiibaa Adaanech Abeebee
Jun 4, 2026 1811
Caamsaa 27/2018 (ENA): Tajaajilli Giddugala Tokkoo (Masoob) tajaajila mootummaa ammayyeessuun rakkina lammiilee furaa jira jedhan kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaaneech Abeebee. Kantiibaa Adaanech Abeebee Tajaajila Dijitaalaa Giddugala Tokkoo (Masoob) kutaa magaalaa Kolfee Qaraaniyootti ijaarame eebbisuun hojii isaa eegalchiisaniiru. Akka sirna eebba kana irratti ibsanitti aadde adaanech, Finfinneetti kenniinsa tajaajilaa gahumsaa fi saffisaa ta’e kan haqummaa tajaajila mootummaa mirkaneessu uumamuu ibsaniiru. Tajaajilli Giddugala Tokkoo rakkoolee Bulchiinsa gaarii hawaasni tajaajila mootummaa argachuu keessatti mudatu dhabamsiisuu keessattis gahee olaanaa taphachaa jira jedhan. Tajaajila Giddugala Tokkoo irraa gara tajaajila socho’aatti dabarsuudhaan dhaqqabummaa babal’isuuf hojjetamaa akka jiru ibsaniiru. Kunis magaalattiin tajaajila mootummaa gahumsaa fi bu’a qabeessa taasisuuf kutannoo qabdu kan agarsiisudha jedhan. Tajaajilli Giddugala Kolfee Masoob eebbaaf qophaa’ee tures haala tajaajila ammayyaa fi gahumsa qabu hawaasaaf kennuu danda’uun ijaaramuu isaa ibsaniiru. Hogganaan Biiroo Pablik Sarvisii Magaalaa Finfinnee sadarkaa itti Aanaa Kantiibaatti Dr. Jamaaloo Jambaruun tajaajilli Giddugala ‘Addis Mesob’ hojii bu'a qabeessa ta'ee rakkoo lammiilee furaa jiraachuu himani. Dhaqqabummaa giddugala wiirtuu tokkoo magaalaa guddootti babal’isuun tajaajila mootummaa ammayyeessuun bu’a qabeessummaan hojiirra oolmaa fooyya’aa akka jiru ibsaniiru. Hojii gaggeessaan Olaanaan Bulchiinsa Magaalaa Kolfee Qaraaniyoo obbo Tewoodiroos Wolde Mikaa’eel tajaajilli Giddugala ‘Kolfee Masoob’ tajaajila magaalaa guddichaa haala mijeessuuf bu’aa guddaa qaba jedhan. #Itiyoophiyaan_Filatteetti #Itiyoophiyaan Mo’atteetti #Filannoo #ENA #ENA_Afaan_Oromoo
Yuunivarsiitiin Haramaayaa Teekinooloojiiwwan Qorannoo Fayyadamummaa Hawaasaa guddisan dagaagsaa jira
May 28, 2026 3705
Caamsaa 20/2018(ENA): Yuunivarsiitiin Haramaayaa Teekinooloojiiwwan qorannoo fayyadamummaa Hawaasaa guddisan dagaagsaa jiraachuu beeksiseera. Yuunivarsiitichi yaa'ii gamaggama qorannoo fi hirmaannaa hawaasaa waggaa 43ffaa mata duree "kalaqa naannoof mijatuu fi eegumsa ikkooloojii ijaarsa Hawaasaa cimaatiif " jedhuun gaggeessaa jira. Itti-aanaan Pirezidaantii Qorannoo fi dhimma Hawaasaa Yuunivarsiitichaa Dr. Yisihaaq Yuusuf waltajjicharratti akka himanitti, Yuunivarsiitichi dameewwan qonnaa, Fayyaa, Teeknoolojii, Barnoota, Seeraa, Saayinsii Hawaasaa fi hojiiwwan qorannoo biroo irratti hojjechaa jira jedhani. Keessattuu barana Yuunivarsiitichi Pirojektoota 116 irratti hojii qorannoo gaggeessaa akka jiru eeranii, isaan keessaa 42 xumuramuu isaanii dubbataniiru. Hojiiwwan qorannoo fi Teeknoolojii Yuunivarsiitichi baajata birrii biliyoona 1 ol ramadee hojjechaa jiru kunis fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessaa akka jiru beeksisaniiru. Yuunivarsiitichi barana teeknoolojiiwwan qonnaa 95 ol qonnaan bulaaf raabsuu isaas ibsaniiru. Yuunivarsiitichi eegumsaa fi bulchiinsa qabeenya uumamaa ilaalchisee Bulchiinsa Dirree Dhawaa, Hara Haramaayaa, Addeellee, Dhangaggoo fi suluulawwan biroo irratti hojiiwwan qindaa'oon hojjetamaa jira jedhaniiru. Gama tajaajilaa fi hirmaannaa hawaasaatiin, lammiilee kuma 150 ol ta'aniif tajaajila seeraa bilisaa kennuu dabalatee damee Fayyaa, Barnootaa fi kanneen biroon hojiiwwan jajjabeessaan hojjetamuu isaanii kaasaniiru. Waltajjiin gamaggamaa kun hojiiwwan jajjabeessoo Yuunivarsiitichi hojjechaa jiru itti fufsiisuu fi hanqinoota mul'atan furuuf kan gargaaru ta'uun eerameera. Yaa'ii qorannoo fi hirmaannaa hawaasaa Yuunivarsiitichi yeroo 43ffaaf gaggeessu kanaan firiiwwan qorannoo 32 dhiyaatanii mariin irratti ni taasifama jedhameera. Yaa'ii guyyoota sadiif qophaa’e kana irratti hayyoonnii fi qorattoonni Yuunivarsiitichaa, Manneen hojii seektaraa, qooda fudhattootaa, akkasumas bakka bu'oonni hawaasaa, Abbootii Gadaa fi Haadholiin Siinqee hirmaachaa jiru.
Ispoortii
Atileet Geetachoo Masrashaa fi Atileet Massalach Alamaayyoo Walakkaa Maraatoonii Itiyoophiyaa 19ffaa Injifatan
Jun 7, 2026 1205
Caamsaa 30/2018 (ENA): Dorgommii Walakkaa Maraatoonii Itiyoophiyaa 19ffaa irratti atileet Geetachoo Masrashaa magaalaa Shaggar irraa, dorgommii dubartootaatiin ammoo atileet Massalach Alamaaayyoo Poolisii Finfinnee irraa injifataniiru. Dorgommii dhiirotaatiin atileet Balaylinyi Tashaagar Itiyoo-Elektirika irraa 2ffaa yoo ba’u, atileet Balaay Xilahuun Poolisii Finfinnee irraa 3ffaa bahuun xumureera. Haaluma walfakkaatuun dorgommii walakkaa Maraatoonii Itiyoophiyaa 19ffaa dubartootaan Atileet Massalach Alamaayyoo Poolisii magaalaa Finfinnee irraa yoo injifattu, atileet Zimaam Baaraakii Baankii Daldalaa Itiyoophiyaa irraa 2ffaa, Baqqalach Takkuu ammoo Magaalaa Shaggar irraa 3ffaa baateetti. Walumaagalatti atileetotni 638 kan hirmaatan yoo ta’u, dhiirota 455 fi dubartoonni 183 kan hirmaatan fiigicha addabaabayii Masqalaa irraa eegalamee gaggeeffamaa ture xumurameera. #ENA_Afaan_Oromoo #TOI #ENA
Itiyoophiyaan Maalaawwii waliin tapha michuummaa ni taphatti
Jun 6, 2026 935
Caamsaa 29/2018 (ENA):–Gareen Biyyaalessaa Itiyoophiyaa gitasaa Maalaawwii waliin har’a tapha michuummaa Idil-Addunyaa ni gaggeessa. Taphichi galgala sa'aatii 12:00 irratti Istadiyeemii Dirree Dawaatti ni taasifama. Leenjisaan garee biyyaalessaa Itiyoophiyaa Yohaannis Saahilee qophii tapha michuummaaf Caamsaa 19 bara 2018 taphattoota 23f waamicha kan taasisan yoo ta'u, gareen biyyalessichaa Caamsaa 24 bara 2018 kaasee Finfinnee fi Dirree Dawaatti qophii taasisaa tureera. Gareen Ituyoophiyaa tapha isaa jalqabaa har'aa taasisuun, shaakalliisaa dhumaa kaleessa Istadiyeemii Dirree Dawaatti gaggeesseera. Taphattoonni garee biyyaalessichaa hundi fayyummaa gaarii irratti akka argaman Federeeshiniin Ispoortii Kubbaa Miilaa Itiyoophiyaa beeksiseera. Gama biraatiin, leenjisaan lammii Zimbaabuwee waggaa 55 Kaalisto Paasuwaa tapha kanaaf taphattoota 23f waamicha taasisanii gareen isaanii qophii taasisaa tureera. Gareen Maalaawwii leenjii isaa isa dhumaa kaleessa Istadiyeemii Dirree Dawaatti gaggeesseera. Itiyoophiyaa fi Maalaawwiin kanaan dura taphoota dorgommii fi michuummaa irratti si'a 14 wal arganiiru. Waliyoonni si'a afur yoo mo'atan, Maalaawwiin si'a shan mo'ataniiru. Taphoota shanan hafan ammoo qixa ba'aniiru. Taphoota kanaan Itiyoophiyaan galchii 16 kan lakkoofsiste yoo ta'u, Maalaawwiin goolii 14 galchiteetti. Biyyonni lameen yeroo dhumaaf kan waliin taphatan dorgommii deebii Waancaa Afrikaa 34ffaa ammaan dura bara 2022 fi 2023 Kootdivaaritti gaggeeffameef darbuuf tapha gulaalli taasisaniinii ture. Taphoota gulaallii lameen keessaa Maalaawwiin tokko yoo mo'attu, tapha hafe irratti ammoo goolii malee qixa ba'aniiru. Itiyoophiyaan yeroo dhumaaf Maalaawwii kan mo'atte bara 2021 Istadiyeemii Baahir Daaritti tapha michuummaa taasifameen yoo ta'u, gareen biyyaalessaa yeroos galchii 4 fi 0n injifannoo galmeessisee ture. Biyyonni kunneen tapha isaanii jalqabaa A.L.I bara 1983 taasisan keessatti Maalaawwiin Itiyoophiyaa galchii 4 fi 0n mo'attee turte. Taphichi A.L.A. bara 1986 Waancaa Addunyaa FIFA 13ffaaf Meeksiikootti qophaa'e tapha calallii zoonii Afrikaa ture. Biyyonni lameen har'a si'a 15ffaaf waiin taphatu. Sadarkaa FIFA irratti Itiyoophiyaan sadarkaa 144ffaa, Maalaawwiin ammoo sadarkaa 127ffaa irratti argamu. Gareen Biyyaalessaa biyyoota lameenii tapha michummaa isaanii isa lammaffaa Waxabajjii 2 bara 2018 Istadiyeemii Dirree Dawaatti ni taasisu. Waliyoonni taphoota isaanii kanneen kan gaggeessan, guyyoota tapha garee biyyaalessaa Idil-Addunyaa FIFA fayyadamuun akka ta'e Federeeshiniin Kubbaa Miilaa Itiyoophiyaa beeksiseera.
Dorgommiin walakkaa maaraatoonii Itiyoophiyaa boru Finfinneetti gaggeeffama
Jun 6, 2026 652
Caamsaa 29/2018 (ENA)- Dorgommiin walakkaa maaraatoonii Itiyoophiyaa19ffaan boru Caamsaa 30 bara 2018 Finfinneetti gaggeeffama. Dorgommii kana ilaalchisuun federeeshiniin atileetiksii Itiyoophiyaa har’a miidiyaaleef ibsa kenneera. Dorgommii addababayii Masqalaarra eegalee aaddababayii Masqalaatti xumuramu irratti atileetonni dhiiraa 455, atileetonni dubartii 183 walumaa gala atileetonni 638 akka hirmaatan ibsa Kanaan eerameera. Pirezidaantiin federeeshinii atileetiksii Itiyoophiyaa komaandar atileeti Silashii Sihin kaayyoon dorgommichaa dorgommoo walakkaa maaraatooni Swiidinitti gaggeeffamuuf atileetota Itiyoophiyaa bakka bu’an filachuu fi bakka bu’oota horachuudha jedhaniiru.. Daarektarri bakka bu’aa dorgommii fi hirmaannaa federeeshinichaa obbo Gizee Adinoo gamasaaniin, atileetonni dorgommichaan sadarkaa 1ffaa amma 6ffaatti xumuran badhaafni maallaqaa, meedaaliyaa fi waancaa akka kennamuuf dubbataniiru. Baay’inni hirmaattota dorgommii baranaa kan bardheengaddaa waliin wal bira yoo qabamu atileetonni 434 akka dabalaman akka agarsiisu odeeffannoonfedereeshinichaa ni mul’isa.
Finfinneetti namuusa dargaggootaa guddisuu fi dandeettii ispoortii kan guddisan bu'uuraaleen misoomaa bal'aan ijaaramaniiru - Kantiibaan Adaanech Abeebee
May 24, 2026 5194
Caamsaa 16/2018 (ENA): Finfinneetti namuusa dargaggootaa guddisuu fi dandeettii ispoortii kan guddisan bu'uuraaleen misoomaa bal'aan ijaaramaniiru Kantiibaan Adaanech Abeebee jedhani. Kantiibaan Adaanech Abeebeen Istaadiyeemii Hawaasa Lammii kutaa magaalaa Boolee naannoo Garjiitti ijaarame eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Deeggarsa maallaqaa Kaapteen Abarraa Lammiin kan ijaarame istaadiyeemiin kun dirree kubbaa miilaa, daandii fiigichaa, teessoo daawwattootaa akka roobnif aduun nama hin mine qabu, manneen daldalaa carraa hojii dargaggootaaf oolu, manneen qulqullinaafi mana fincaanii, jimnaaziyeemii fi mana kuusaa of keessaa qaba. Ergaa kana sababeeffachuun dabarsaniin kantiibaan magaalattii aadde Adaanech Abeebeen; Bu’uuraalee ispoortii babal’isuun dhaloota fayya qabeessaa fi oomishtummaa qabu uumuu keessatti gahee olaanaa akka qabu ibsaniiru. Bu’uuraaleen ispoortii bakka bashannanaa mijataa uumuun alattis lammii qaamaa fi xiinsammuu fayyaa qabu bocuuf gargaaruu akka danda’an himaniiru. Bulchiinsi magaalattii keessatti wiirtuuwwan ispoortii fi dirree tapha ammayyaa hedduu ijaaree ummanni akka fayyadamu taasisuu eeraniiru. Ijaarsi wiirtuuwwan ispoortii hirmaannaa dargaggoota ispoortii irratti dabaluu eegale itti fufuus mirkaneessaniiru. Kaappiteen Abarraa Lammii tajaajila kana fakkaatu hawaasaaf ijaarsisanii dabrsanii kennuun isaanii kan galateeffataman ta’uu eeruun,hawaasnis kunuunsaa fi eegumsa gochuu akka qabu dhaamaniiru.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Pirojektoonni Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimadiin wixineeffamanii hojiirra oolan eegumsa naannootiif gumaacha olaanaa taasisaa jiru
Jun 6, 2026 959
Caamsaa 29/2018 (ENA)- Misooma qarqara lagaa fi misooma koriidaraa dabalatee, pirojektoonni Doktar Abiyyi Ahimadiin wixinreeffamanii hojiirra oolan eegumsa naannootiif gumaacha olaanaa gumaacha jiraachuu Abbaan Taayitaa Eegumsa Naannoo Itiyoophiyaa ibse. Guyyaan Eegumsa Naannoo Addunyaa sadarkaa addunyaatti yeroo 53ffaaf, Itiyoophiyaatti ammoo yeroo 33ffaaf kabajameera. Guyyaa kana sababeeffachuun hoggantoonni fi ogeeyyiin Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Federaalaa fi Magaalaa Finfinneerraa walitti babahan pirojektii misooma qarqara lagaa Inxooxxoo irraa hanga Qacaneetti hojjetame daawwataniiru. Pirojektiin kun dhiyeenya kana ministira muummee Doktar Abiyyi Ahimadiin eebbifamee tajaajilaaf banaa ta'uun isaanii ni yaadatama. Daarektarri olaantuun Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Itiyoophiyaa Dr.Injiinar Lalisee Namee wayita sana akka dubbatanitti; pirojektoonni Doktar Abiyyi Ahimadiin wixineeffamanii hojiirra oolan hojiiwwan eegumsa naannoo akka milkaa'aniif gumaacha guddaa gumaacha jiru. Sagantaa misooma ashaaraa magariisaan hanga ammaatti biqiltuuwwan biliyoona 48 ol dhaabamuu isaanii yaadachiisanii; kunis faalama qilleensaa hir'isuu dabalatee bu'aawwan hedduu argamsiisaa jira jedhaniiru. Kunis Itiyoophiyaan sadarkaa addunyaatti beekamtii akka argattu kan taasise ta'uu ibsanii, sirna ikkooloojii naannoo fooyyessuu keessattis gahee adda duree taphachaa akka jiru ibsaniiru. Pirojektiin misooma qarqara lageenii hojiiwwan eegumsa naannoo bu'a-qabeessa taasisan keessaa isa tokko ta'uu eeranii; pirojektiin misooma qarqara lagaa Inxooxxoo- Qacanees agarsiiftuu adda dureedha jedhaniiru. Pirojektii kana keessatti mukkeen biyya keessaa dhaabamuu isaanii ibsanii, beekumsi eegumsa naannoo biyya keessaa kan Konsoo ashaaraan isaanii kan irra taa’e ta’uunsaa adda akka isa taasisu kaasaniiru. Hojiiwwan eegumsa naannoo fi misooma biroon kunneen Itiyoophiyaa biyya fakkeenyaan caqasamuu dandeessu taasisaa jiraachuu isaanii daarektarri kun addeessaniiru.
Misoomni dinagdee magariisaa Itiyoophiyaa dhiheessii anniisaa mirkaneessuudhaan walitti hidhamiinsa dinagdee Ardii cimsuu ni dandeessisa
Jun 5, 2026 1103
Caamsaa 28/2018 (ENA)- Misoomni dinagdee magariisaa Itiyoophiyaa dhiheessii anniisaa mirkaneessuudhaan walitti hidhamiinsa dinagdee Ardii cimsuu kan dandeessisu ta’uu dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti daarektarri teeknooloojii, innoveeshinii fi diviziyoonii bu’ura misoomaa komishinii dinagdee Afriikaa Dr. Roobarti Liisiingee ibsan. Itiyoophiyaan misooma dinagdee magariisaa kan si’achiisan teeknooloojii geejjibaa, industirii, anniisaa qusatuu fi konkolaattota elektiriikii irratti xiyyeeffattee hojjechaa jirti. Haala Kanaan baasii wagga waggaan boba’aaf bahu hir’isuu fi sirna geejjibaa humna haaromfamuun durfamu ijaaruu kan dandeessisan tarsiimoo konkolaataa elektiriikii biyyaalessaa fi karoora hojmaataa ifoomsiteetti. Dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti daarektarri teeknooloojii, innoveeshinii fi diviziyoonii bu’ura misoomaa komishinii dinagdee Afriikaa Dr. Roobarti Liisiingee ENAtti akka himanitti, tarsiimoon konkolaataa elektiriikii Itiyoophiyaan baafte hammattoo seeraa, seera idil addunyaa waliin kan wal simedha. Biyyoonni Afriikaa hedduun boba’aa alaa galurratti kan hirkatan waan ta’eef sharafa alaa guddaa akka baasan ibsanii, tarsiimoo konkolaataa elektiriikii biyyaalessaa fi karoora hojmaataa baasii hir’isuurra darbee anniisaa amansiisaa dhiheessuudhaaf wabii ni ta’a jedhaniiru. Itiyoophiyaan cehumsi gara konkolaattota elektiriikiitti gochaa jirtu faalama qilleensaa hir’isuudhaan dhiibbaa jijjiirama haala qilleensaa damdamachuudhaaf tattaaffii taasifamu akka deeggaru ibsaniiru. Itiyoophiyaan akka lakkoofsa Awurooppaa amma 2030tti konkolaattota elektiriikii haaraa qabaattu keessaa dhibbantaa 30 kan ta’an biyya keessatti oomishuu fi walitti suphuuf karoorsuunshee walitti hidhamiinsa daldalaa Afrikaanota jidduu jiru ni cimsa jedhaniiru. Riijiniin daldala bilisaa Afriikaa jalqabamuunsaa cehumsa gara konkolaataa elektiriikiitti taasifamu ni si’achiisa kan jedhan daarektarichi, walitti hidhamiinsa daldalaa Ardii Afriikaa jiru akka si’achiisu ibsaniiru.
Hojiin misooma qarqara lageenii Finfinneen magaalaa nama giddugaleessa godhatte gochuuf kan karoorfame invastimantii yeroo dheeraati-ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Jun 5, 2026 877
Caamsaa 28/2018 (ENA)- Hojiin misooma qarqara lageenii Finfinneen magaalaa nama giddugaleessa godhatte gochuuf kan karoorfame invastimantii yeroo dheeraa ta’uusaa ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsan. Misoomni qarqara lagaa Finfinnee pirojektii faayidaa qarqara lageenii miidhagsuurra darbe kan qabu ta’uu ministirri muummee ergaasaatiin barreessaniiru. Tiraanisfoormeeshiniin magaalaa Inxooxxoo amma Piikook, akkasumas Inxooxxoorraa amma toora Qabbanaatti bal’inaan hojjetamu, lageenirraa amma meetura 50 kan fulla’u yoo ta’u, misooma kooriidaroota magariisaa, bakka ummanni itti wal gahu, daandiiwwan lafoo, bakkee bashannanaa fi bakkeewwan daldalaa kan of keessaa qabu yoo ta’u, magaalattiis baay’ee kan jijjiire ta’uu beeksisaniiru. Barbaachisummaa pirojektii kana adda kan godhu faayidaa dinagdee fi hawaasummaa inni qabudha. Bifaa fi tajaajila qarqara lageenii fooyyessuurra darbee dameelee konistiraakshinii, injiinariingii, ijaarsa miidhagina teessuma lafaa, loojistiksii fi Kanaan walqabataniin, namoota hedduuf carraa hojii kan uume yoo ta’u, kontiraaktaroota biyya keessaa, dhiheessitootaa fi daldalootaafis carraa garagaraa mijeessuusaa eeraniiru. Hojiin irra caalaadhaan mahaandisoota biyya keessaatiin bocamuusaa fi hojiirra ooluunsaa, ogeeyyonni Itiyoophiyaa misooma magaalaa fi ijaarsa bu’ura misoomaarratti dandeettiin qaban guddachaa dhufuusaa ibsaniiru. Fulla’insi misoomichaa xiyyeeffannoon wal qixaa kan kennamuuf ta’uu eeranii, bakkeewwan Kanaan dura keemikaalonni summaawaa fi balfi itti gatamu, bakkeewwan hawaasa jiraattota qarqara lagaa balaa lolaaf saaxilan kunneen, yeroo ammaa bakka magariisaa, fayyaalessaa fi magaalaa jireenyaaf mijataa ta’etti jijjiiraa jiru jedhaniiru. Karaa wal fakkaatuun, bakkeewwan daldalaa fi bashannana ummataa qindaa’anii ijaaramuunsaanii, eegumsi naannoo fi guddinni dinagdee Kanaan dura waliin hin qindoofne jalaa bahanii qorannoo fi galma waloof tumsaan hojjechuu akka danda’an kan mirkaneessudha. Hojiin misoomaa si’ataan kun Finfinnee magaalaa magariisa, caalaatti kan walitti hidhamte , dinagdeen kan dammaqxee fi nama jiddugaleessa godhatte gochuuf carraashee egeree irratti bu’urri kan kaa’ame invastimantii yeroo dheeraa ta’uusaa ministirri muummee ergaasaaniin hubachiisaniiru.
Naannoo Harariitti biqiltuuwwan miiliyoona 1.7 ol dhaabuuf qophaa'aniiru
May 28, 2026 3960
Caamsaa 20/2018 (ENA): Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaatiin biqiltuuwwan miiliyoona 1.7 ol dhaabuuf qophaa’uu Biiroon Misooma Qonnaa Naannichaa beeksise. Akka Itti Gaafatamaa Itti Aanaa Biiroo Misooma Qonnaa Naannichaa obbo Nasraddiin Ahimad himanitti, Ganna bara kanaa Sagantaa Ashaaraa Magariisaatiin biqiltuun miiliyoona 1.7 ol ni dhaabama jedhani. Biqiltuu dhaabamuu qabu keessaa miiliyoona 1.5 ol biqiltuu kuduraafi muduraa fi bosona ta’uu ibsaniiru. Isaan keessaa kuma 200 ol biqiltuu nyaata beeyladaaf oolu ta’uus ibsaniiru. Hojiin naannichatti iddoowwan buufataalee biqiltoowwaniitti lammiilee hedduudhaaf carraa hojii akka uume eeraniiru. Sagantaa Ashaaraa Magariisaan hanga ammaatti hojiiwwan hojjetaman bu’a qabeessa akka ta’an kan eeran yoo ta’u,kunis uwwisa bosona naannichaa dabaluu fi fayyadamummaa diinagdee lammiilee fooyyessuu kan danda’e ta’uu ibsaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Gabaasa addaa
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 7817
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 7298
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan. Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru. Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru. Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.