Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Dambiiwwanii fi qajeelfamoonni qabeenya Dhaabbilee Barnoota olaanaaf kennamu kaayyoo yaadameef oolchuuf dandeessisan qophaa’aniiru
Mar 23, 2026 165
Bitootessa 14/2018(ENA)- Dhaabbiileen Barnootaa olaanoon qabeenya isaaniif kennamu yeroo fi sirnaan akka bulchanii fi kaayyoo yaadameef akka oolchan danbiiwwanii fi qajeelfamoonni qophaa’uusaanii Deetaan Ministira Barnootaa Koraa Xushnee ibsan. Danbiiwwanii fi qajeelfamoonni kun Muudama hoggantoota dhaabbilee Barnootaa Olaanaa riitiirratti hundaa’ee fi iftoomina hin qabne hanbisuu akka danda’anis ibsameera. Ministeerri Barnootaa Qajeelfama ramaddii hoggansa dhaabbilee Barnootaa olaanaa, qajeelfama ce’umsaa ofiin of bulchuu (autonomy) Dhaabbiilee Barnootaa Olaanaa mootummaa fi danbii baajata walatti qabaa (block grant) dhaabbiilee Barnootaa olaanaa fi qooda fudhattoota waliin waltajjii marii qopheesseera. Deetaan Minsitira Barnootaa Koraa Xushnee walitajjii sanarratti, akka jedhanitti, mootummaan qulqullinaa fi dhaqqabamummaa barnootaa mirkaneessuuf riifoormii sirna hoj-maata barnootaa fulla’aa hojiirra oolchuuf dandeessisan taasiseera. Kunis Ministeerri Barnootaa Aangoo labsii Barnootaa Olaanoo lakkoofsa 1151/2011n kennameef bu’uura godhachuun, hoggantoota barnnootaa ogummaasaaniin leenji’an, dandeettii fi gahumsa qaban, gara hojiitti fiduu kan dandeessisu ta’uusaa ibsaniiru. Danbii fi qalfamoonni kunneen dhaabbiileen barnootaa olaanoon qabeenya isaaniif kennamu sirnaan bulchuu fi kaayyoo yaadameef oolchuuf ni dandeessisu jedhaniiru. Dhaabbiileen Barnoota olaanaa mootummaa gara ofiin of-bulchuutti akka ce’aniif hojmaata ifaa ta’uu ibsuun, birmadummaa akkaadamii kan mirkaneessu ta’uusaa himaniiru. Qajeelfamni Pirezidaantonnii fi Itti -Aantonni Pirezidaantota dhaabbilee Barnootaa olaanoo ittiif filataman, beekumsaa fi muuxannoorratti kan hundaa’ee fi hojii yeroo dheeraa fudhateen sanada qophaa’e ta’uusaa dubbataniiru. Muudamni hoggantoota dhaabbilee barnootaa olaanaa Danbii fi qajeelfamoonni ariitiin kan guutamee fi hanqina iftoominaa kan qabu akka ta’e ibsaniiru. Danbiin baajata walii galaa dhaabbilee barnoota olaanaa Mootummaa of-bulchanii, dhaabbiileen baajata ramadameef sirnaan akka fayyadamanii fi madda faayinaansiisaanii akka bal’ifatan carraa kenna jedhaniiru.  
Waldaaleen Hojii Gamtaa rakkoo Hawaas-Dinagdee furaa jiraachuun ibsame
Mar 23, 2026 112
‎ Bitootessa 14/2018(ENA)-Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Kaabaatti Waldaalee Hojii Gamtaa rakkoo Hawaas-Diinagdee furuu fi Gabaa tasgabbeessuu keessatti gahee olaanaa qabaachuusaa Itti Gaafatamaan Waldaa Hojii Gamtaa Godinichaa Obbo Girmaa Geetaachoo ibsaniiru. Godinichatti Gabaasni bu’aa hojii riifoormii Waldaalee Hojii Gamtaan waggoottan darban hojjetameen argamee dhihaateera. Waldaalee bittinnaa’an gara tokkotti fiduun karaa gurmaa'een dandeentiisaanii cimsuu fi ammayyeessuun rakkoo Hawaas-Dinaagdee furuu keessatti gahee olaanaa qabachuu obbo Girmaan himaniiru.   Hogganaan Biiroo Ejensii Babal’ina Waldaa Hojii Gamtaa Oromiyaa Obbo Mohaammed Kamaal, Bulchaan Bulchiinsa Godina Shawaa Kaabaa Obbo Kifaloo Adaree, Hoggantoonni Godinaa fi Aanaa damichaa fi Koreen Waldaalee waltajjicharratti Argamaniiru. Hogganaan Biiroo Ejensii babal’ina Waldaa Hojii Gamtaa Oromiyaa Obbo Mohaammad Kamaal akka ibsanitti, akka Oromiyaatti riifoormii gama waldaa hojii gamtaan hojjetameen waldaalee kuma 20, miseensota miliyoona 17, Yuuniyeenii 117 qaban kappitaala birrii biiliyoona 20 ol kan horatan ta'uu ibsuuniiru. Bu'uuruma Kanaan Hojiileen Godina Shawaa Kaabaa keessatti gama Waldaa Hojii Gamtaan Hojjetaman daran olaanaa ta'uu ibsaniiru.   Waldaaleen Hojii Gamtaa rakkoolee sadarkaa nama dhuunfaatti hiikamuu hin danda'amne waloomaan hiikuu, dhiyeessii baballisuu, gabaa tasgabbeessuun jiruu fi jireenya miseensotasaa fooyyeessuun cinaatti sochii dinagdee biyyaa keessatti gaheesaa bahachaa jiraachuu ibsaniiru.   ‌‎ Bulchaan Godina Shawaa Kaabaa Obbo Kifaloo Adaree, Riiformii Waldaalee Hojii Gamtaa keessatti waggoottan darban taasifameen godinichatti, rakkoowwan waldaalee keessatti mul'atan furuun humna waldaalee cimsun qooda Waldaaleen Diinagdee biyyaa keessatti qaban akka bahatan gochuuf hojii gurguddaan hojjetamuusaa ibsaniiru. Waajjira koomunikeeshinii Godina Shawaa kaabaarraa ‎
Tajaajila odeeffannoo meetirooloojii ammayyeessuun faayidaa inni kennu guddisuuf hojiin dandeessisu hojjechuun cimee itti fufa
Mar 23, 2026 135
Bitootessa 14/2018 (ENA): Tajaajila odeeffannoo meetirooloojii ammayyeessuun faayidaa inni kennu guddisuuf hojiin dandeessisan eegalaman cimanii itti fufu jedhe Inistituutiin Meetirooloojii Itiyoophiyaa. Inistiitiyuutichi guyyaa Meetirooloojii Addunyaa Itiyoophiyaatti yeroo 45ffaaf kabajamu mata duree “Har’a Ilaaluu, Boru Tiksuu” jedhuun kabajaa jira.   Jijjiiramni qilleensaa guddina hawaasummaa fi dinagdee addunyaa irratti dhiibbaa hamaa geessisaa jira jedhan Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutii Meetirooloojii Itiyoophiyaa fi Pirezidaantii Waajjira Ardii Afrikaa Dhaabbata Meetirooloojii Addunyaa Faxxanaa Tashoomaa. Kanaafuu, kenniinsa tajaajila odeeffannoo meetirooloojii cimsuun dhiibbaa inni geessisu salphisuun dhimma ijoo ta’uu qaba jedhaniiru. Misooma saffisaa Itiyoophiyaan galmaan ga’aa jirtu itti fufsiisuuf odeeffannoon meetirooloojii murteessaa ta’uu eeruu, Inistiitiyuutichi tajaajila teeknooloojii ammayyaatiin deeggaramee kennuuf dandeettii ijaaruuf ciminaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Keessattuu bu’uuraalee ijaarsa dandeettii haala michoota hirmaachisuun babal’isuu, teeknooloojiiwwan ammayyaa fayyadamuu, humna namaa guddisuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.   Itti dabaluunis guyyaan Meetirooloojii Addunyaa 45ffaan Itiyoophiyaatti kabajamu hojii kana daran cimsuu fi dhaqqabummaa babal’isuuf carraa kan uumu ta’uu ibsaniiru. Inistiitiyuutichi saayinsii meetirooloojii ammayyaa irratti hundaa’uun har’a odeeffannoo fooyya’aa kennuudhaan guyyaa borii fooyya’aa ijaaruuf hojiiwwan qorannoo fi misoomaa adda addaa gaggeessaa akka jirus ibsaniiru.
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa kaadhimamtootaafi paartilee siyaasaa waraqaa sagaleen ittiin kennamu irratti sagantaa carraa buusuu gaggeessaa jira.
Mar 23, 2026 287
Bitootessa 14/2018 (ENA): Maqaa fi mallattoo paartilee siyaasaa fi kaadhimamaa dhuunfaa Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaatti galmaa’an qindeessuuf carraan gaggeeffamaa jira. Walitti qabduu Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa aadde Meelaatewarqi Hayiluu, wayita sana akka ibsanitti, filannoo waliigalaa torbaffaaf hojii qophii barbaachisaa ta’e raawwachaa jiraachuu himaniiru. Adeemsa kana keessatti waldaalee siivikii, paartilee siyaasaa, miidiyaalee, qaamolee nageenyaa fi qooda fudhattoota biroo waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuus beeksisaniiru.   Tokkoon tokkoon naannoo filannootti galmeen kaadhimamaa paartilee siyaasaa xumuramuu fi tarreen dorgomtootaa ifatti maxxanfamuu kan ibsan walitti qabduun kuni, komii dhiyaateefis deebii kennaa jiraachuu ibsaniiru. Yeroo ammaa galmeen filattotaa gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’u, akka ragaan guyyoota afur dura qindaa’etti lammiileen miiliyoona 18 ol filachuuf galmaa’aniiru. Walitti qabduun boordichaa adeemsi galmee dijiitaalaa fi harkaan raawwatamaa akka jiru ibsuun, naannolee rakkoon sirnaa fi neetworkii qaban keessatti galmeen harkaan raawwatamaa jira jedhani.   Buufata filannoo kuma 46 fi 757 keessatti meeshaaleen filannoo raabsamuus ibsaniiru. Dhaabbilee siyaasaa boordii kanarratti galmaa'an 47’n kaadhimamtoonni 10,934 kan dhiyaatan yoo ta'u, isaan keessaa 2,998 Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa, 8,736 ammoo bakka bu'oota naannoo ta'uun ni beekama. Kaadhimamtoonni 73 dhuunfaan dorgomuufis galmaa’aniiru.
Damee Geejjibaa faalama naannoorraa bilisa gochuuf hojiiwwan hojjetamaniin bu’aawwan abdachiisoon galmaa’aniiru.
Mar 23, 2026 142
‎ Bitootessa 14/2018(ENA): Itiyoophiyaatti damee Geejjibaa faalama naannoorraa bilisa kan ta’e gochuuf hojii hojjetameen bu’aan abdachiisaan galmaa’uu Deetaan Ministira Geejjibaa fi Loojisktiksii Bari’oo Hasan ibsan. Itiyoophiyaan bu’uuraalee misoomaa Geejjibaa fi Loojistiksii, geejjiba Magaalaa fi Teekinooloojii Magariisaarratti xiyyeeffannoo taasisuun sirni Geejjibaa itti fufinsa qabu diriirsuuf hojjechaa jirti. Kana deeggaruuf, tajaajila konkolaataa madda Annisaa Haaromfamaatti fayyadamanii babal’isuu fi damicha jajjabeessuun gaasii faalamaa(summaa’aa) konkolaattorraa gadhiifamu hir’isuu ni dandeessisa. Deetaan Ministira Geejjibaa fi loojiktiksii Bari’oo Hasan turtii ENA waliin taasisaniin akka ibsanitti, waggoottan muraasa darban, damichi naannoo akka hin faallee taasisuuf hojiiwwan hedduun hojjetameera jedhaniiru. Qaamolee Konkolaataa Elektiriikii galchanii fi suphaniif (Assemble) godhaniif imaammanni qophaa’ee hojiirra oolaa jiraachuu eeruun, kanaanis qaraxarraa bilisa taasisuu dabalatee deeggarsi adda addaa taasifamaa jiraachuu kaasaniiru. Konkolaattonni boba’aa fayyadaman abbaa gommaa lamaarraa hanga Konkolaataa uummataa fi fe’umsaa gurguddaatti gara biyya keessaatti akka hin seenneef dhorkamuu dubbatniiru. Tarkaanfiin kun kutannoo Itiyoophiyaan Eegumsa Jijjiirama Qilleensaa Addunyaaf qabdu kan mul’isudha jedhaniiru. Karoora Misoomaa tarsiimawaa waggaa 10 keesatti, sadarkaa biyyaalessaatti konkolaattota kuma 500 ol madda Annisaa Haaromfamaa akka fayyadamani gochuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Yeroo ammaa lokkoofsi Konkolaattota Annisaa Haaromfamaa fayyadamanii kuma 115 ga’uusaa dubbataniiru. Waggoottan muraasa darban damee Geejjibaa faalama naannoorraa bilisa kan ta’e gochuuf hojii hojjetameen bu’aawwan jajjabeessoon galmaa’uu hubachiisaniiru. Imaammanni konkolaataa Elektirikaa, sektarichi geejjibni faalama naannoo akka hin uumne gochuu bira darbee, Madda Anniisa Haaromfamaarratti Xiyyeeffannon akka taasifamuufi hirkattummaa boba’aa hir’isuun danda’amuu ibsaniiru. Itiyoophiyaa Keessatti Maddawwan Anniisaa Haaromfamaa Kanneen akka Annisaa qilleensaa, Annisaa Bishaanii(Hydro-electiric),gaasii uumamaa fi kanneen biroon bal’inaan jiraachuunsaanii ce’umsa konkolaattota boba’aarraa gara konkolaattota Elektirikaatti taasifamu amansiisaa taasisuu eeraniiru.
Kan mul'ate

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa
Boordiin Filannoo Biyyaalessaa kaadhimamtootaafi paartilee siyaasaa waraqaa sagaleen ittiin kennamu irratti sagantaa carraa buusuu gaggeessaa jira.
Mar 23, 2026 287
Bitootessa 14/2018 (ENA): Maqaa fi mallattoo paartilee siyaasaa fi kaadhimamaa dhuunfaa Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaatti galmaa’an qindeessuuf carraan gaggeeffamaa jira. Walitti qabduu Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa aadde Meelaatewarqi Hayiluu, wayita sana akka ibsanitti, filannoo waliigalaa torbaffaaf hojii qophii barbaachisaa ta’e raawwachaa jiraachuu himaniiru. Adeemsa kana keessatti waldaalee siivikii, paartilee siyaasaa, miidiyaalee, qaamolee nageenyaa fi qooda fudhattoota biroo waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuus beeksisaniiru.   Tokkoon tokkoon naannoo filannootti galmeen kaadhimamaa paartilee siyaasaa xumuramuu fi tarreen dorgomtootaa ifatti maxxanfamuu kan ibsan walitti qabduun kuni, komii dhiyaateefis deebii kennaa jiraachuu ibsaniiru. Yeroo ammaa galmeen filattotaa gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’u, akka ragaan guyyoota afur dura qindaa’etti lammiileen miiliyoona 18 ol filachuuf galmaa’aniiru. Walitti qabduun boordichaa adeemsi galmee dijiitaalaa fi harkaan raawwatamaa akka jiru ibsuun, naannolee rakkoon sirnaa fi neetworkii qaban keessatti galmeen harkaan raawwatamaa jira jedhani.   Buufata filannoo kuma 46 fi 757 keessatti meeshaaleen filannoo raabsamuus ibsaniiru. Dhaabbilee siyaasaa boordii kanarratti galmaa'an 47’n kaadhimamtoonni 10,934 kan dhiyaatan yoo ta'u, isaan keessaa 2,998 Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa, 8,736 ammoo bakka bu'oota naannoo ta'uun ni beekama. Kaadhimamtoonni 73 dhuunfaan dorgomuufis galmaa’aniiru.
Paartileen siyaasaa yaada isaanii ummata biraan gahachuu akka danda’an haalli mijataan uumameera.
Mar 22, 2026 459
Bitootessa 13/2018 (ENA): Dhaabbanni Miidiyaa Dirree Dawaa Paartileen siyaasaa filannoo kanarratti hirmaatan yaada isaanii ummata biraan akka gahataniif haala mijataan uumamuu beeksise. Paartileen yaada imaammataa isaanii ummata biraan gahachuuf filannoo dimokiraatawaa, hirmaachisaa fi nagaa taasisuuf gahee isaanii bahaa jiraachuus ibseera. Hogganaan Waliigalaa dhaabbatichaa obbo Xaahir Roobilee ENAtti akka himanitti, paartileen siyaasaa filannoo waliigalaa 7ffaa bara kana gaggeeffamu irratti hirmaatan buufataalee televijiinii fi raadiyoo dhaabbatichaa fayyadamuun yaada imaammataa filannoo isaanii ummata biraan akka gahatan taasisaa jirra jedhani. Yeroo qilleensaa buufataalee irratti hayyamameen alattis, karaaleen miidiyaa hawaasaa dhaabbatichaa imaammata isaanii walqixxummaa fi haqummaan beeksisuuf itti fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Akka hogganaan kun jedhanitti, dhaabbatichi waltajjiiwwan falmii paartileen siyaasaa filannoo waliigalaa 7ffaa irratti hirmaataniin gaggeeffamaa jiran ummata biraan gahaa jiraachuu himaniiru. Falmiin paartii biyya bulchaa jiruu fi paartileen siyaasaa morkattootaa dhimma hawaasummaa fi diinagdee irratti gaggeessan ummata bira akka dhaqqabamu taasifamaa jiraachuu kaasaniiru. Yaadota filannoo paartilee ummataaf dhaqqabamaa taasisuun filattootni odeeffannoo argatan irratti hundaa’uun paartii barbaadaniif sagalee isaanii akka kennan ni gargaara jedhan. Leenjiin ijaarsa dandeettii kennameen paartileen siyaasaa filannoo kanarratti hirmaatan hundi haqa qabeessaa fi walqixxummaan akka tajaajilan taasiseera jedhan. Paartileen sa’aatii qilleensaa dhaabbatichi kennu hafetti fayyadamuun yaada isaanii ummata bira akka ga’atan waamicha dhiyeessaniiru.
Mirga dimookiraasii keenyatti fayyadamuun, filannoo irratti dammaqinaan hirmaachuuf qophiidha - Dubartoota Magaalaa Ciroo
Mar 18, 2026 1216
Bitootessa 9/2018 (ENA): Dubartoonni Magaalaa Ciroo hirmaannaa siyaasaa isaanii guddisuu fi mirga dimokiraasii isaaniitti fayyadamuuf filannoo waliigalaa torbaffaa irratti hirmaachuuf qophii ta’uu isaanii ibsaniiru. Magaalattii keessatti daldala xixiqqaa irratti kan bobba’an aadde Hamalmaal Fantaa ENA waliin turtii taasisaniin , filannoo waliigalaa bara kanaa irratti paartii siyaasaa isaaniif gaarii ta’a jedhanii amanan filachuuf qophii ta’uu isaanii ibsaniiru. Kaardii galmee filattotaa argachuun akkaataa sagantaa Boordiin Filannoo kaa’een sagalee kennuuf qophii ta’uu ibsaniiru. Akka aadde Hamalmaal ibsanitti paartii faayidaa dubartootaaf dhaabbatu, guddina biyyaaf hojjatu, nageenya mirkaneessuun tokkummaa biyyaa cimsu filachuuf qophaa’eera jedhani. Dubartoonni biroo mirga galmaa'uu fi kaardii galmee filannoo isaanii yeroon akka argatan waamicha dhiheessiteetti. Jiraattuun magaalichaa kan biraa aadde Mastawaal Laggasaa paartii siyaasaa murtee dubartootaa fi fayyadamummaa misoomaa guddisuuf hojjetu filachuuf qophii ta’uu himan. "Filannoon daandii ijoo mootummaa biyyattii hoogganu filachuuf murteessaadha dha “kan jedhan aadde Mastawaal, falmiin paartilee waldorgoman gidduutti miidiyaan taasifamaa jiru qaama faayidaa waliigalaa dubartootaaf hojjetu adda baasuuf haala mijataa kan uume ta’uus ibsaniiru. Adeemsi filannoo karaa nagaa fi amansiisaa ta’een akka xumuramuuf gahee keenya ni ba’anna kan jedhan immoo aadde Caaltuu Abbaasidha. Dubartoonni akkuma adeemsa misoomaa keessatti hojjetan, filannoo kana keessatti gahee isaanii akka bahatanis dhaamaniiru. Dubartoonni mirga dimokiraasii isaaniitti fayyadamanii kaadhimamaa itti amanan akka filatanii fi waraqaa sagalee isaanii itti kennanis akka fudhatan dhaamaniiru aadde Caaltuun.
Itiyoophiyaa fi Xaaliyaan tumsa isaanii cimsuuf kutannoo waloo qaban ibsani
Mar 16, 2026 1837
Bitootessa 7/2018 (ENA): Itiyoophiyaa fi Xaaliyaan tumsa bara dheeraa qaban daran cimsuuf akka hojjetan beeksisan. Jilli Ministira Maallaqaa Ahimad Shiideen durfamu yeroo ammaa kana daawwannaa hariiroo biyyoota lamaanii Itiyoophiyaa fi Xaaliyaanii cimsuuf kaayyeffate Xaaliyaanii magaalaa Roomitti argamu. Ministirri Maallaqaa Ahimad Shideen Ministira Dhimma Alaa Xaaliyaanii fi Tumsa Idil Addunyaa Eedmondo Chireelii waliin mari’ataniiru. Mariin kun walitti dhufeenya Itiyoophiyaa fi Xaaliyaanii babal’isuu tumsa diinagdee, tumsa misoomaa, invastimantii damee dhuunfaa fi tasgabbii naannoo irratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsameera. Ministirri Maallaqaa Ahimad Shidee haala riifoormii dinagdee Gooroo Itiyoophiyaa irratti ibsa kennaniiru.   Tasgabbii dinagdee itti fufiinsa qabu mirkaneessuu, haala invastimantii fooyyessuu fi guddina hunda hammate mirkaneessuuf tattaaffii itti fufiinsa qabu irrattis odeeffannoo haaraa kennaniiru. Ministirri Dhimma Alaa Xaaliyaanii fi Tumsa Idil-addunyaa Edmondo Chireelii jijjiirama diinagdee Itiyoophiyaa galateeffachuun tasgabbii naannichaa keessatti gahee ishee qabdu ibsaniiru.   Ministirri kun, Xaaliyaan dursa misoomaa Itiyoophiyaaf qabdu karaa Ministira Muummee Giyoorjiyaa Melooniin deeggaruuf kutannoo akka qabdus irra deebi’anii mirkaneessaniiru. Walta’iinsa Itiyoophiyaa fi Xaaliyaanii yeroo dheeraaf ture daran cimsuuf waliigaluu isaanii ibsi Ministeera Maallaqaa ENA’f erge ni mul’isa.
Milkaa'ina Filannoo Biyyaalessaa Marsaa 7ffaa bara 2018 gaggeeffamuuf tumsa taasisuuf qophaa’aa jirra- Jiraattoota magaalaa Shaambuu
Mar 12, 2026 2267
Bitootessa 3/2018(ENA)-Jiraattonni Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Magaalaa Shaambuu milkaa’ina filannoo biyyaalessaa bara kanaaf qooda isaanirraa eegamu bahuuf kan hojjetan ta’uu ibsaniiru. Godinichatti Galmeen Filattoota Filannoo Biyyaalessaa marsaa 7ffaa naannoo filannoo 4 fi Buufataalee filannoo 727 keessatti itti fufee jira. Jiraataan Magaalaa Shaambuu Obbo Bushaa Dannabaa, mirga dimokiraasiitti fayyadamuun paartii siyaasaa naaf ta'a jedhee itti amanu dhiibbaa tokko malee filachuuf kaardii filannoo fudhadheera jechuun dubbataniiru.   Sagaleen keenya egeree keenya murteessuu keessatti gahee olaanaa waan qabuuf galmaa'uun kaardii fudhachuun cinaatti filannoon bara kanaa kan yeroo kamiiyyuu caalaa bilisaa, haqa qabeessaa fi karaa Diimokiraatawaa ta'een akka gaggeeffamuuf waan isaanirraa eegamu kan raawwatan ta'uu jiraataan Magaalichaa biroon obbo Biqilaa Tamasgeen yaada kennaniiru.   Kaardii filannoo fudhatanis guyyaa filannoo sagalee paartii barbaadan filachuun egeree biyyaa murteessuun Itiyoophiyaa gara biyya fakkeenyummaa qabduutti ceesisuuf xiyyeeffannoon kan hojjetan ta'uus itti dabaluun dubbataniiru. Godinichatti galmeen Filattoota Filannoo Biyyaalessaa marsaa 7ffaa naannoo filannoo 4 fi Buufataalee filannoo 727 keessatti itti fufee jiraachuu Walitti qabaan Boordii Filannoo Biyyaalessaa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Obbo Asaffaa Gabayyoo ibsaniiru.   Hawaasni godinichaa Umuriin isaanii Waggaa 18 fi isaa ol ta'an galmaa'uun kaardii filannoo fudhatanii mirga Diimokiraasii isaaniif kennametti fayyadamuun sagalee isaaniitiin egeree biyyaa fi dhalootaa ijaaruu akka qaban obbo Asaffaa dhaamaniiru. Waajjira Koomunikeeshinii Godina Horroo Guduruu Wallaggaarra

Hawaasummaa
Dambiiwwanii fi qajeelfamoonni qabeenya Dhaabbilee Barnoota olaanaaf kennamu kaayyoo yaadameef oolchuuf dandeessisan qophaa’aniiru
Mar 23, 2026 165
Bitootessa 14/2018(ENA)- Dhaabbiileen Barnootaa olaanoon qabeenya isaaniif kennamu yeroo fi sirnaan akka bulchanii fi kaayyoo yaadameef akka oolchan danbiiwwanii fi qajeelfamoonni qophaa’uusaanii Deetaan Ministira Barnootaa Koraa Xushnee ibsan. Danbiiwwanii fi qajeelfamoonni kun Muudama hoggantoota dhaabbilee Barnootaa Olaanaa riitiirratti hundaa’ee fi iftoomina hin qabne hanbisuu akka danda’anis ibsameera. Ministeerri Barnootaa Qajeelfama ramaddii hoggansa dhaabbilee Barnootaa olaanaa, qajeelfama ce’umsaa ofiin of bulchuu (autonomy) Dhaabbiilee Barnootaa Olaanaa mootummaa fi danbii baajata walatti qabaa (block grant) dhaabbiilee Barnootaa olaanaa fi qooda fudhattoota waliin waltajjii marii qopheesseera. Deetaan Minsitira Barnootaa Koraa Xushnee walitajjii sanarratti, akka jedhanitti, mootummaan qulqullinaa fi dhaqqabamummaa barnootaa mirkaneessuuf riifoormii sirna hoj-maata barnootaa fulla’aa hojiirra oolchuuf dandeessisan taasiseera. Kunis Ministeerri Barnootaa Aangoo labsii Barnootaa Olaanoo lakkoofsa 1151/2011n kennameef bu’uura godhachuun, hoggantoota barnnootaa ogummaasaaniin leenji’an, dandeettii fi gahumsa qaban, gara hojiitti fiduu kan dandeessisu ta’uusaa ibsaniiru. Danbii fi qalfamoonni kunneen dhaabbiileen barnootaa olaanoon qabeenya isaaniif kennamu sirnaan bulchuu fi kaayyoo yaadameef oolchuuf ni dandeessisu jedhaniiru. Dhaabbiileen Barnoota olaanaa mootummaa gara ofiin of-bulchuutti akka ce’aniif hojmaata ifaa ta’uu ibsuun, birmadummaa akkaadamii kan mirkaneessu ta’uusaa himaniiru. Qajeelfamni Pirezidaantonnii fi Itti -Aantonni Pirezidaantota dhaabbilee Barnootaa olaanoo ittiif filataman, beekumsaa fi muuxannoorratti kan hundaa’ee fi hojii yeroo dheeraa fudhateen sanada qophaa’e ta’uusaa dubbataniiru. Muudamni hoggantoota dhaabbilee barnootaa olaanaa Danbii fi qajeelfamoonni ariitiin kan guutamee fi hanqina iftoominaa kan qabu akka ta’e ibsaniiru. Danbiin baajata walii galaa dhaabbilee barnoota olaanaa Mootummaa of-bulchanii, dhaabbiileen baajata ramadameef sirnaan akka fayyadamanii fi madda faayinaansiisaanii akka bal’ifatan carraa kenna jedhaniiru.  
Eebbifamtoonni beekumsa argatanitti fayyadamuun hojii biyyaaf bu’aa buusu hojjechuu qabu
Mar 22, 2026 230
Bitootessa 13/2018 (ENA): Barattoonni eebbifaman beekumsa argatan hojiitti jijjiiruun hojii ummataa fi misooma biyyaaf bu'aa buusu hojjechuu akka qaban ibsame. Yuunivarsiitiin Bulee Horaa barattoota 1,266 sagantaalee barnootaa adda addaatiin leenjisaa ture digrii tokkoffaa, lammaffaa fi sadaffaan guyyaa har'aa eebbisiiseera.   Itiyoophiyaa keessatti misooma nageenyaa fi itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf barattoota beekumsa, ogummaa fi naamusa gaarii qaban oomishuuf dursi kennamaa jira jedhan Ministeera Barnootaatti Hojii Gaggeessaa Olaanaa Qorannoo fi Tajaajila Hawaasaa Doktar Saraawwit Handisoo.   Bu’a qabeessummaan barnootaa irra caalaa barattoonni beekumsa horatan gara hojiitti jijjiiruun guddina hawaasaaf furmaata maddisiisuudhaan kan madaalamu ta’uu ibsaniiru. Kanaaf barattoonni eebbifaman beekumsa horatan gara hojiitti jijjiiruun hojiiwwan ummataa fi biyya fayyadan raawwachuu akka qaban hubachiisaniiru. Keessattuu qabeenya naannoo isaanii dameewwan diinagdee biyyaalessaa adda addaa waliin walqabsiisuudhaan carraa hojii uumuu fi of jijjiiruuf carraaquu akka qaban dubbataniiru. Barattoonni carraaqqii guddaa booda eebbifamuu isaaniitiin baga gammaddan jedhaniiru.   Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Bulee Horaa Dr. Tamasgeen Dabaloo yuunivarsitichi qorannoo ergama isaa deeggaru gaggeessuun qabeenya biyya keessaa madda qabeenya hawaasaa taasisuuf hojjechaa akka jiru hubachiisaniiru. Yuunivarsiitichi barattoota kuma 14 ol sagantaalee barnootaa adda addaa damee baruu barsiisuutiin leenjisaa kan jiru yoo ta’u, har’a yeroo 15ffaaf barattoota kuma 1 fi 266 digirii tokkoffaa, lammaffaa fi sadaffaan leenji’an eebbisuun isaa ni yaadatama.   Barattoota eebbifaman keessaa kutaa Baayooteknooloojii irraa meedaaliyaa kan badhaafamte shamarree Musliim Lammaa barnoota qofa irratti xiyyeeffachuun milkaa'uu akka dandeesse dubbattetti. Beekumsa argatte itti fayyadamtee ummataa fi biyya fayyaduu kan itti fuftu ta’uu himteetti.   Kutaa barnoota Faarmaasii irraa meedaaliyaa kan badhaafame Tashoomaa Anaa, beekumsa argate hawaasa isaaf qooduu fi ummata tajaajiluuf akka hojjetu himeera.
Yunivarsiitiin Samaraa qorannoowwan dabalatee hojiiwwan hojjeteen horsiisee bultoota fayyadamoo taasisaa jira
Mar 22, 2026 244
Bitootessa 13/2018 (ENA): Yunivarsiitiin Samaraa qorannoowwan dabalatee hojiiwwan hojjeteen horsiisee bultoota fayyadamoo taasisaa jiraachuu ime.   Yuunivarsiitiin Samaraa har’a barattoota 987 damee barnootaa adda addaatiin leenjisaa ture digirii tokkoffaa fi lammaffaan eebbiseera. Yuunivarsitichi har’a barattoota 987 digirii tokkoffaa fi lammaffaan eebbisuu isaa kan beeksise yoo ta’u, isaan keessaa 354 dubartoota dha. Sirna eebbaa kana irratti eebbifamtoonni har'aa beekumsaa fi dandeettii yeroo yunivarsiiticha keessa turan keessatti argataniin biyyaa fi ummata tajaajiluu akka itti fufan ibsameera. Yuunivarsiitichi waggoota darban keessa dijitaalaayizeeshinii hojiirra oolchuu, hojimaata dhaabbilee fooyyessuu fi hojii sirna bu’uura godhate raawwachuu ibsaniiru.   Deetaan Ministeera Tuurizimii fi walitti qabaan Boordii Yuunivarsiitii Samaraa obbo Silashii Girmaa sirna eebbaa kanarratti kan argaman yoo ta’u, yuunivarsiitichi waggoota darban keessa rakkoo hawaasa tikfattoota naannoo sanaa furuuf hojiilee adda addaa raawwachuusaa ibsaniiru. Hawaasni horsiisee bultootaa qorannoo dabalatee hojiiwwan hojjete irraa fayyadamoo ta’uu fi jireenyi isaanii fooyya’uu ibsaniiru. Obbo Silashiin akka himanitti, yuunivarsitichi barnoota qabatamaa hojiirra oolchuuf adeemsa ce’umsaa irra jiraachuu eeruun, bara kana qormaata ba’umsaa qore keessaa dhibbeentaan 82 qormaaticha darbuun eebbaa kana kan qaqqaban hojii dhaabbatichi qulqullina barnootaa fooyyessuuf hojjete irraa kan ka’e ta’uu dha jedhani.   Pireezidaantiin Yuunivarsiitii amaraa Dr. Mahaammad Usmaan gamasaaniitiin, yunivarsiitichi waggoota kurnan lamaaf hayyoota hojii hunda galeessa biyyattii keessatti gumaacha taasisan oomishuu ibsaniiru. Har’a barattoonni digrii tokkoffaa fi lammaffaa xumuran 987 kan eebbifaman yoo ta’u, isaan keessaa 354 dubartoota ta’uu ibsaniiru. Eebbifamtoonni har'aa yeroo yunivarsiiticha keessa turanitti beekumsaa fi dandeettii horataniin hojii bu'a qabeessa ta'e raawwachuudhaan biyyaa fi ummata tajaajiluu itti fufuu akka qaban dubbataniiru. Yuunivarsiitichi waggoota darban keessa dijiitaalaayizeeshinii hojiirra oolchuu, adeemsa dhaabbilee fooyyessaa fi hojii sirna bu’uura godhate raawwachuu ibsaniiru. Sirna odeeffannoo isaa haaromsuu fi haala gaariin qindeessuun bulchiinsa ofiin of bulchuu hojiirra oolchuuf adeemsa irra akka jirus eeraniiru. Yuunivarsitichi dubartoota horsiisee bultootaa 100 ol ta’aniif barnoota bilisaa kennuusaas eeraniiru. Yuunivarsiitichi dhaqqabummaa isaa guddisuuf naannolee adda addaa shanii fi naannoo Amaaraa magaalaa Baatii keessatti damee banuun hojii baruu barsiisuu isaa irratti hojjachaa jira jedhan.   Hojii qorannoosaa cimsuu fi hojiiwwan misoomaa deeggaraa jiraachuus ibsaniiru. Sagantaa eebbaa kanarratti Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Samaraa Loogiiyaa Abduu Muusaa fi maatiin eebbifamtootaa dabalatee keessummoonni affeeraman hirmaataniiru.    
Diinagdee
Waldaaleen Hojii Gamtaa rakkoo Hawaas-Dinagdee furaa jiraachuun ibsame
Mar 23, 2026 112
‎ Bitootessa 14/2018(ENA)-Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Kaabaatti Waldaalee Hojii Gamtaa rakkoo Hawaas-Diinagdee furuu fi Gabaa tasgabbeessuu keessatti gahee olaanaa qabaachuusaa Itti Gaafatamaan Waldaa Hojii Gamtaa Godinichaa Obbo Girmaa Geetaachoo ibsaniiru. Godinichatti Gabaasni bu’aa hojii riifoormii Waldaalee Hojii Gamtaan waggoottan darban hojjetameen argamee dhihaateera. Waldaalee bittinnaa’an gara tokkotti fiduun karaa gurmaa'een dandeentiisaanii cimsuu fi ammayyeessuun rakkoo Hawaas-Dinaagdee furuu keessatti gahee olaanaa qabachuu obbo Girmaan himaniiru.   Hogganaan Biiroo Ejensii Babal’ina Waldaa Hojii Gamtaa Oromiyaa Obbo Mohaammed Kamaal, Bulchaan Bulchiinsa Godina Shawaa Kaabaa Obbo Kifaloo Adaree, Hoggantoonni Godinaa fi Aanaa damichaa fi Koreen Waldaalee waltajjicharratti Argamaniiru. Hogganaan Biiroo Ejensii babal’ina Waldaa Hojii Gamtaa Oromiyaa Obbo Mohaammad Kamaal akka ibsanitti, akka Oromiyaatti riifoormii gama waldaa hojii gamtaan hojjetameen waldaalee kuma 20, miseensota miliyoona 17, Yuuniyeenii 117 qaban kappitaala birrii biiliyoona 20 ol kan horatan ta'uu ibsuuniiru. Bu'uuruma Kanaan Hojiileen Godina Shawaa Kaabaa keessatti gama Waldaa Hojii Gamtaan Hojjetaman daran olaanaa ta'uu ibsaniiru.   Waldaaleen Hojii Gamtaa rakkoolee sadarkaa nama dhuunfaatti hiikamuu hin danda'amne waloomaan hiikuu, dhiyeessii baballisuu, gabaa tasgabbeessuun jiruu fi jireenya miseensotasaa fooyyeessuun cinaatti sochii dinagdee biyyaa keessatti gaheesaa bahachaa jiraachuu ibsaniiru.   ‌‎ Bulchaan Godina Shawaa Kaabaa Obbo Kifaloo Adaree, Riiformii Waldaalee Hojii Gamtaa keessatti waggoottan darban taasifameen godinichatti, rakkoowwan waldaalee keessatti mul'atan furuun humna waldaalee cimsun qooda Waldaaleen Diinagdee biyyaa keessatti qaban akka bahatan gochuuf hojii gurguddaan hojjetamuusaa ibsaniiru. Waajjira koomunikeeshinii Godina Shawaa kaabaarraa ‎
Guddina ariifachiisaa qonnaa fi anniisaa haaromfamuun Itiyoophiyaan agarsiifte kan ajaa’ibsiifatamu dha.
Mar 22, 2026 234
Bitootessa 13/2018 (ENA): Guddina saffisaa damee qonnaa fi anniisaa haaromfamuun Itiyoophiyaan agarsiifte kan ajaa’ibsiifatamu ta’uu Itiyoophiyaatti Ambaasaaddarri Baanglaadish Ervas Maarshaal Sitwat himani. Baanglaadish damee kanarratti Itiyoophiyaa waliin tumsa qabdu guddisuuf fedhii akka qabdus ibsaniiru. Itiyoophiyaan oomishtummaa qonnaaf haala ikoloojii mijataa ta’een kan eebbifamte yoo ta’u, qonna keessumaa qamadii ajandaa tiraanisfoormeeshinii diinagdee ishee giddu galeessa godhachaa jirti jedhan. Biyyattiin waggoota muraasa darban keessatti fooyya’iinsa imaammataa, babal’ina misooma jallisii, sirna sanyii fooyya’aa fi sochii bal’aa ta’een guddina ajaa’ibaa galmeessitee jirti jedhan. Itiyoophiyaani sagantaa misooma qamadii jallisii Bonaa bal’inaan eegaluun oomishtummaa qamadii guddisuutti jirti. Haala kanaan biyyattiin jijjiirama qonnaa naannichaaf fakkeenya ta’aa jirti kan jedhan, karaa wabii nyaan of danda’uun qofa osoo hin taanee al ergiifis fayyadamaa jiraachuu himaniiru. Ambaasaaddarichi seenaan milkaa’ina misooma qamadii mul’ata misooma bal’aa Itiyoophiyaa agarsiiftuu guddaa ta’ee kuni, mootummaan muuxannoo isaa biyyoota Baha Afrikaa waliin qooduuf hojjechaa jira jedhani. Itiyoophiyaan qonna bira darbee gara anniisaa haaromfamuutti ce’uuf kaayyoo guddaa qabdu kan galateeffatan ambaasaaddarichi, kun biyyoota guddachaa jiraniif akka fakkeenyaatti fudhatamuu akka danda’u himaniiru. Itiyoophiyaan pirojektoota humna bishaanii gurguddaa kan akka hidha haaromsa guddicha Itiyoophiyaa ijaaruun anniisaa qulqulluu wiirtuu tarsiimoo misoomaa akka taasifte ibsaniiru. Invastimantii humna qilleensaa fi aduu babal’isuun filannoo anniisaa babal’isaa jiraachuus hubachiisaniiru. Gama biraatiin ammoo, Baanglaadishii fi biyyoonni Afrikaa jijjiirama qilleensaaf saaxilamummaa waloo ta’uu dubbataniiru. Biyyoonni guddachaa jiran faalama qilleensaaf gumaachi isaanii xiqqaa ta’us, dhiibbaa jijjiirama qilleensaaf saaxilamoo ta’uu isaanii, haqa dhabuu kana jijjiiruuf waltajjiiwwan idil-addunyaa irratti sagalee waloo isaanii cimsuu qabu jedhan. Kanaafuu, gaasiiwwan manaa gadi lakkifaman hir’isuun egeree waliiniif tarkaanfii qabatamaa fudhachuuf yeroon sirrii ta’uu himaniiru.
Qonna sadarkaa olaanaatti ceessisuuf, Makaanaayizeeshinii Qonnaaf xiyyeeffannoon olaanaa kennameera - Ministira Addisuu Araggaa
Mar 22, 2026 110
Bitootessa 13/2018(ENA): Qonna sadarkaa olaanaatti ceessisuuf, Makaanaayizeeshinii Qonnaaf xiyyeeffannoon olaanaa kennamee hojjetamaa jiraachuu Ministirri Qonnaa Obbo Addisuu Araggaa ibsani. Ministirri Qonnaa obbo Addisuu Araggaa akka ibsanitti, diinagdee xiqqaa qonnaa sadarkaa olaanaatti ceesisuuf makaanaayizeeshinii qonnaa irratti xiyyeeffannoon hojjetamaa tureera jedhani.   Meeshaaleen qonnaa birrii biiliyoona 2.3 olitti tilmaamamu guyyaa har'aa naannoleef raabsameera. Meeshaalee Raabsaman kunniin Tiraaktaroota 63, Tiraaktaroota harkaa 71, Maashiniiwwan oomisha ruuzii 150, Maashiniiwwan hanqaaquu hammatan 4, Maashiniiwwan bishaan lafa jalaa baasan 5, Paampiiwwan bishaan harkisan (Anniisaa aduun kan hojjetan) 460, Konkolaattota tajaajila dirree15, dhokdhokkeewwan 243, Koompiitaroota (Deeskitooppii fi Laaptooppii) 980 ta’uu ibsameera.   Ministirri Qonnaa obbo Addisuu Araggaa Giddugala Gahumsa Makaanaayizeeshinii Ministeera Qonnaa daawwachuun meeshaalee kana hoggantoota qonnaa naannichaaf dabarsanii kennaniiru. Sirna walharkaa fuudhinsa kanaan qonnaan bultootaa fi horsiisee bultoota makaanaayizeeshinii qonnaa hidhachiisuun hojii mootummaa Ida’amuunr aantummaa olaanaa ta’uu ibsaniiru. Mootummaan dinagdee xiqqaa qonnaa sadarkaa olaanaatti ol guddisuuf jecha makaanaayizeeshinii qonnaaf xiyyeeffannoo guddaa akka kenne ibsaniiru. Kanaafuu, jijjiirama waggoota darban keessatti sirna nyaataa fi wabii nyaataa mirkaneessuu irratti jijjiiramni guddaan mul’achuu isaa hubachiisaniiru.   Meeshaaleen makaanaayizeeshinii qonnaa har’a raabsaman qonnaan bultoota gara sirna qonnaa ammayyaatti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru. Sirni qonnaa ammayyaa omishaa fi oomishtummaa qonnaan bultootaa fi horsiisee bultootaa guddisuu qofa osoo hin taane, qisaasama yeroo fi humna namaa hin barbaachifne akka hir’isu ibsaniiru. Qulqullina oomishaa fooyyessuudhaan dorgomtummaa idil-addunyaa akka guddisus eeraniiru.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Imala Dijitaalaa Itiyoophiyaa dhugoomsuuf dandeettii fi beekumsa lammiilee guddisuu irratti xiyyeeffatamuu qaba
Mar 13, 2026 189
Bitootessa 4/2018 (ENA): Imala Dijitaalaa Itiyoophiyaa dhugoomsuuf dandeettii fi beekumsa lammiilee damee kanarratti qaban guddisuu irratti xiyyeeffatamuu qaba jedhani hayyoonni damee kanaa. Tarsiimichi bu’uuraalee misoomaa dijitaalaa diriirsuu, waraqaa eenyummaa dijitaalaa dhaqqabamaa taasisuu, faayinaansii dijitaalaa cimsuu, tajaajila hijii mootummaa dijitaalaa dhaqqabamaa taasisuu irratti kaayyeffatee hojetamaa jira. Imalli Dijitaalaa Itiyoophiyaa milkaa’uu kan danda’u, lammiilee damicha sirriitti hubachuu danda’u, dandeettii fi beekumsa akka gaariitti kan hidhate uumuun yoo danda’ame akka ta’e ibsameera. ENA’n dhimma kana irratti hayyoota Yunivarsiitii Odaa Bultum waliin marii turtii taasiseen, hayyoonni kunneen bu’uuraalee dijitaalaa babal’isuun tajaajila mootummaa iftoomina, saffisaa fi bu’a qabeessa taasisuudhaaf faayidaa guddaa akka qabu ibsaniiru.   Hayyoota yuunivarsiitichaa keessaa obbo Fiqaaduu Warquu akka ibsanitti, Dijitaalli Itiyoophiyaa kenniinsa tajaajilaa ammayyeessuu irra darbee, magaalota ammayyaa jireenyaa uumuun lammiileef jireenya salphisa jedhani.   Hayyuun yunivarsiitichaa kan biraa obbo Darrib Garramaa akka himanitti, tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa bara 2030 bu’uuraalee misoomaa ummataa walitti hidhuun fayyadamummaa lammiilee ni mirkaneessa jedhani.   Hojiileen tarsiimoo dijitaalaa 2025 keessatti galmaa'an galma ga'iinsa tarsiimoo bara 2030’f bu'uura cimaa akka ta'u kan ibsani immoo obbo Ismaa'eel Huseen dha. Imalli Dijitaalaa Itiyoophiyaa tajaajila ammayyaa fi saffisaa hawaasaaf kennuudhaaf haala mijataa kan uumu ta’uu eeruun, itti fufiinsa isaatiif ijaarsi ogummaa fi beekumsa lammiilee cimuu akka qabu dubbataniiru.
Wiirtuuleen tajaajila qindaa’aan fayyadama lammiilee guddisaa jiru – Misinstira Muummee doktar Abiyyi Ahimad
Mar 10, 2026 167
Bitootessa 1/2018 (ENA)– Wiirtuun kenna tajaajila qindaa’aa agarsiistuu raawwii tajaajila mootummaa ijoo hojii fi fayyadamummaa lammiilee kan dagaagsu ta’uusaa Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad ibsaniiru. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Masoob tajaajila wiirtuu tokkoo Magaalaa Harar daawwataniiru. Daawwannaasaaniin booda Masoob tajaajilli wiirtuu tokkoo Magaalaa Hararitti dhaabbate, Tajaajila Mootummaa wiirtuu tokkotti qindeessee dhiheessuun qaama sagantaa biyyoolessaa ta’uusaa ergaa fuula Miidiyaa Hawaasummaasaniin dabarsaniin ibsaniiru.   Itti dabaluunis wiirtuun tajaajila iddoo tokkoo Harar dhaabbileen 8 foddaalee tajaajila 24n tajaajiloota uummataa 67 bakka tokkotti tajaajilamtootaaf dhiheessa jedhaniiru. Raawwiin biyyaalessaa kun gahumsa kenna tajaajila mootummaa, dhaqqabamummaa fi itti quufinsa lammiilee fooyyessuun dhaabilee gidduutti tajaajila bittinaa’aa hir’isuun , hawaasni tajaajila argachuuf yeroo fi maallaqa qisaasessu hir’isuu dandeessiseera jedhaniiru. Guutuu biyyaalessaatti Tooftaa Masoobiin, mootummaan ce’umsa dijiitaalayizeeshinii fi kenna tajaajila qindaa’aaf ejjennoo cimaa qabu haala mul’isuun babal’achaa jira jechuun Ministirri Muummee ibsaniiru. Wiirtuun tajaajilaa qindaa’aan agarsiistuu raawwii hojii ijoo tajaajila mootummaa fi fayyadamummaa lammiilee waligalaa kan guddisu ta'uusaa hubachiisaniiru.
Ilaalcha hin danda’amuu kan cabsan urjiilee samii
Mar 8, 2026 215
Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa guyyaa dubartoota idil-addunyaa kabajuuf balalii biyya keessaa fi idil-addunyaa dubartootaa qofaan hogganamu saddeet ni gaggeessa. Akka addunyaa guutuutti balaliistota daandiiwwan xiyyaaraa daldalaa keessaa hirmaannaan dubartootaa dhibbeentaa jaha qofa dha akka ragaaleen agarsiisanitti. Kanneen giddu galeessaan addunyaa irraa fooyyee kan qaban keessaa, Daandiin Qileensaa Hindii (Air India) balaliistota isaa keessaa dhibbeentaan 15 dubartoota dha. Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa yeroo ammaa balaliistota dubartoota 95 kan qabu yoo ta’u, daandiiwwan qilleensaa Afrikaa muraasa saffisaan lakkoofsa isaa dabalaa jiran keessaa isa tokko taasiseera. Balalii dubartoota qofaan hogganamu dubartoota balaliistota balalii kana irratti hirmaatan, kanneen ENA waliin turtii taasisan, balalii dubartoota qofaan taasifamu irratti hirmaachuun kan isaan kan boonsuu fi gammachuu isaaniif kan kenne akka ta’e dubbataniiru. Gargaartuu balaliistuu kan ta’an Tsiyoon Dammaqee akka ibsanitti, balaliisaa dargaggeettii dubaraa Itiyoophiyaa jalqabaa Kaapteen Amsaalee Gowaaluu irraa akka fakkeenya fudhatanii fi kaka’umsa argataniin booda indaastirichatti makame jdhani. Erga seektarichatti makamaniis namoonni isaan argan bakka deeman hundatti akka isaan jajjabeessan himaniiru. Gargaartuu balaliistuu kan biraa Liidiyaa Gammee akka himanitti, dameen kun shamarraniif qormaata ta’ee fudhatamus, dubartoonni hojjechuu akka danda’an kan agarsiisan kanneen nu dura turan irraa barachuun damichaatti makamne jedhani. Balalii dubartoota qofaan durfamu irratti hirmaachuun isaaniis akka isaan gammachiisuu fi akka isaan boonsu himaniiru. Hojii cimaa fi kutannoon rakkoolee mudatan irra aanuun furtuu milkaa’ina akka ta’e kan ibsan balaliistonni kunniin, dubartoonni cimanii hojjechuun ofitti amanamummaa yoo horatan bakka barbaadan ni ga’u jedhaniiru.
Ispoortii
Atileetonni Itiyoophiyaa dorgommii xumuraa kan irratti hirmaatan
Mar 22, 2026 75
Bitootessa 13/2018 (ENA): Shaampiyoonaan Atileetiksii Addunyaa 21ffaan mana keessaa har’a xumurama. Dorgommiin xumuraa meetira 1500 dubartootaa galgala sa'aatii 3:22 irratti ni gaggeeffama. Atileet Birqee Hayyaaloom Itiyoophiyaa bakka buutee ni dorgomti. Atileetiin kun Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa mana keessaa irratti yeroo sadaffaaf dorgomti. Shaampiyoonaa atileetiksii addunyaa mana keessaa 20ffaa bara 2025 Chaayinaa Naanjiingitti gaggeeffameen dorgommii xumuraa meetira 3000’n 5ffaa baateetti. Shaampiyoonaa atileetiksii addunyaa mana keessaa 19ffaa bara 2024 Iskootilaandi Gilasgow keessatti gaggeeffameen dorgommii xumuraa meetira 1500’n sadarkaa 9ffaa baate. Atileet Birqeen sa'aatii dhuunfaa ishee isa gaarii mana keessaa bara 2024 Boston Girandi Pirix irratti daqiiqaa 3 fi sekondii 58 fi maaykiroo sekoondii 43 galmeessiteetti. Dorgommii atileetiksii mana keessaa dhiheenya kana Cheek Rippabiliika Ostiraavaatti gaggeeffame irratti sa’aatii saffisaa bara 2026 daqiiqaa 4 fi sekondii 00 fi maaykiroo sekoondii 62 galmeessiteetti. Birqeen har'a dorgommii xumuraa irratti atileetii kamiyyuu caalaa yeroo gaarii qabdi. Walumaagalatti atileetotni sagal dorgommii xumuraa irratti ni hirmaatu. Dorgommiin xumuraa meetira 800 dubartootaa galgala sa'aatii 3:53 tti gaggeeffama. Dorgommii kana irratti atileet Nigisti Geetaachoon ni hirmaatti. Atileet Nigisti tapha walakkaa xumuraa kaleessa gaggeeffameen 2ffaa bahuun gara xumuraatti darbeera. Atileetiin kun bara kana dorgommii Shaampiyoonaa Addunyaa mana keessaa irratti hirmaachuun ishee yeroo lammataati.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Tajaajila odeeffannoo meetirooloojii ammayyeessuun faayidaa inni kennu guddisuuf hojiin dandeessisu hojjechuun cimee itti fufa
Mar 23, 2026 135
Bitootessa 14/2018 (ENA): Tajaajila odeeffannoo meetirooloojii ammayyeessuun faayidaa inni kennu guddisuuf hojiin dandeessisan eegalaman cimanii itti fufu jedhe Inistituutiin Meetirooloojii Itiyoophiyaa. Inistiitiyuutichi guyyaa Meetirooloojii Addunyaa Itiyoophiyaatti yeroo 45ffaaf kabajamu mata duree “Har’a Ilaaluu, Boru Tiksuu” jedhuun kabajaa jira.   Jijjiiramni qilleensaa guddina hawaasummaa fi dinagdee addunyaa irratti dhiibbaa hamaa geessisaa jira jedhan Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutii Meetirooloojii Itiyoophiyaa fi Pirezidaantii Waajjira Ardii Afrikaa Dhaabbata Meetirooloojii Addunyaa Faxxanaa Tashoomaa. Kanaafuu, kenniinsa tajaajila odeeffannoo meetirooloojii cimsuun dhiibbaa inni geessisu salphisuun dhimma ijoo ta’uu qaba jedhaniiru. Misooma saffisaa Itiyoophiyaan galmaan ga’aa jirtu itti fufsiisuuf odeeffannoon meetirooloojii murteessaa ta’uu eeruu, Inistiitiyuutichi tajaajila teeknooloojii ammayyaatiin deeggaramee kennuuf dandeettii ijaaruuf ciminaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Keessattuu bu’uuraalee ijaarsa dandeettii haala michoota hirmaachisuun babal’isuu, teeknooloojiiwwan ammayyaa fayyadamuu, humna namaa guddisuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru.   Itti dabaluunis guyyaan Meetirooloojii Addunyaa 45ffaan Itiyoophiyaatti kabajamu hojii kana daran cimsuu fi dhaqqabummaa babal’isuuf carraa kan uumu ta’uu ibsaniiru. Inistiitiyuutichi saayinsii meetirooloojii ammayyaa irratti hundaa’uun har’a odeeffannoo fooyya’aa kennuudhaan guyyaa borii fooyya’aa ijaaruuf hojiiwwan qorannoo fi misoomaa adda addaa gaggeessaa akka jirus ibsaniiru.
Damee Geejjibaa faalama naannoorraa bilisa gochuuf hojiiwwan hojjetamaniin bu’aawwan abdachiisoon galmaa’aniiru.
Mar 23, 2026 142
‎ Bitootessa 14/2018(ENA): Itiyoophiyaatti damee Geejjibaa faalama naannoorraa bilisa kan ta’e gochuuf hojii hojjetameen bu’aan abdachiisaan galmaa’uu Deetaan Ministira Geejjibaa fi Loojisktiksii Bari’oo Hasan ibsan. Itiyoophiyaan bu’uuraalee misoomaa Geejjibaa fi Loojistiksii, geejjiba Magaalaa fi Teekinooloojii Magariisaarratti xiyyeeffannoo taasisuun sirni Geejjibaa itti fufinsa qabu diriirsuuf hojjechaa jirti. Kana deeggaruuf, tajaajila konkolaataa madda Annisaa Haaromfamaatti fayyadamanii babal’isuu fi damicha jajjabeessuun gaasii faalamaa(summaa’aa) konkolaattorraa gadhiifamu hir’isuu ni dandeessisa. Deetaan Ministira Geejjibaa fi loojiktiksii Bari’oo Hasan turtii ENA waliin taasisaniin akka ibsanitti, waggoottan muraasa darban, damichi naannoo akka hin faallee taasisuuf hojiiwwan hedduun hojjetameera jedhaniiru. Qaamolee Konkolaataa Elektiriikii galchanii fi suphaniif (Assemble) godhaniif imaammanni qophaa’ee hojiirra oolaa jiraachuu eeruun, kanaanis qaraxarraa bilisa taasisuu dabalatee deeggarsi adda addaa taasifamaa jiraachuu kaasaniiru. Konkolaattonni boba’aa fayyadaman abbaa gommaa lamaarraa hanga Konkolaataa uummataa fi fe’umsaa gurguddaatti gara biyya keessaatti akka hin seenneef dhorkamuu dubbatniiru. Tarkaanfiin kun kutannoo Itiyoophiyaan Eegumsa Jijjiirama Qilleensaa Addunyaaf qabdu kan mul’isudha jedhaniiru. Karoora Misoomaa tarsiimawaa waggaa 10 keesatti, sadarkaa biyyaalessaatti konkolaattota kuma 500 ol madda Annisaa Haaromfamaa akka fayyadamani gochuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Yeroo ammaa lokkoofsi Konkolaattota Annisaa Haaromfamaa fayyadamanii kuma 115 ga’uusaa dubbataniiru. Waggoottan muraasa darban damee Geejjibaa faalama naannoorraa bilisa kan ta’e gochuuf hojii hojjetameen bu’aawwan jajjabeessoon galmaa’uu hubachiisaniiru. Imaammanni konkolaataa Elektirikaa, sektarichi geejjibni faalama naannoo akka hin uumne gochuu bira darbee, Madda Anniisa Haaromfamaarratti Xiyyeeffannon akka taasifamuufi hirkattummaa boba’aa hir’isuun danda’amuu ibsaniiru. Itiyoophiyaa Keessatti Maddawwan Anniisaa Haaromfamaa Kanneen akka Annisaa qilleensaa, Annisaa Bishaanii(Hydro-electiric),gaasii uumamaa fi kanneen biroon bal’inaan jiraachuunsaanii ce’umsa konkolaattota boba’aarraa gara konkolaattota Elektirikaatti taasifamu amansiisaa taasisuu eeraniiru.
Hojiirra oolmaa rood Maappii Sarkulaarii biyyaalessaaf qindoominni qooda fudhattootaa cimuu qaba
Mar 18, 2026 299
Bitootessa 9/2018 (ENA)- Hojiirra oolmaa rood Maappii Sarkulaarii biyyaalessaaf qindoominni qooda fudhattootaa cimee itti fufuu akka qabu daarektarri olaanaa abbaa taayitaa eegumsa naannoo Injiinar doktar Lalisee Namee ibsan. Abbaan Taayitichaa hojiirra oolmaa Rood Maappichaa bu’a qabeessa gochuuf kan dhaabbilee federaalaa garagaraa waliin waliin hojjechuun akka danda’amu waliigaltee mallatteesseera. Abbaan Taayitichaa hojiilee eegumsa naannoo bu’a qabeessa hedduu hojjechaa akka jiru daarektarri olaanaa abbaa taayitaa eegumsa naannoo Injiinar doktar Lalisee Namee ibsaniiru. Galmoota misooma magariisaa Itiyoophiyaa milkeessuu fi cehumsa gara dinagdee serkulaariitti taasifamu si’achiisuuf kan gargaaru Rood Maappiin biyyaalessaa bara 2017 qophaa’ee hojiitti galamuu yaadachiisaniiru. Rood Maappichi Itiyoophiyaa qulqulluu uumuu keessatti aadaa balfa deebisanii faayidaarra oolchuu kan jajjabeessu ta’uu dubbataniiru. Kanaa olittis hojiilee eegumsa naannoo gabbisuun, invastimantii fooyya’aaf haala uumuunii fi carraalee hojii haaraa banuun dinagdee biyyaa guddisuuf gahee olaanaa bahata jedhaniiru. Hojiileen qindoominaan hojjetamanis hojii hubannoo uumuu, sirna balfi gogaa ittiin qabamuu fi dhabamsiifamu teeknooloojii fi beekumsaan deeggaruu akkasumas hojiilee deeggarsaa fi hordoffii qindoominaan hojjechuun keessatti argama jedhaniiru. Cehumsi gara dinagdee serkulaaraatti taasifamu akka si’atu qooda fudhattoonni hundi kutannoo fi hirmaannaa cimaadhaan qoodasaanii akka bahatan waamicha taasisaniiru.
Milkaa’inni eegumsa naannoo fi dinagdee magariisaa Itiyoophiyaan itti jirtu fakkeenya ta’ee kan fudhatamudha
Mar 14, 2026 313
Bitootessa 5/2018(ENA)- Milkaa’inni eegumsa naannoo fi dinagdee magariisaa Itiyoophiyaan itti jirtu ajandaa misoomaa fakkeenya ta’ee fudhatamu ta’uu Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Hindi Aniil Kumar ibsan. Ambaasaaddar Aniil Kumar Raayi turtii Itiyoophiyaa waliin taasisaniin, Itiyoophiyaan sagantaa ashaaraa magariisaatiin biqiltuu hedduu dhaabuunshee bu’aa gadhiisii kaarboonii xiqqeesu agarsiisaa akka jiru ibsaniiru. Geejjiba faalamarraa bilisa ta’e babal’isuudhaan dinagdee magariisaa dhiibbaa jijjiirama qilleensaaf hin jilbeeffanne ijaaruuf tarkaanfii murteessaa fudhachaa akka jirtus kaasaniiru. Milkaa’inni eegumsa naannoo fi dinagdee magariisaa Itiyoophiyaan itti jirtu ajandaa misoomaa fakkeenya ta’ee fudhatamu ta’uu dubbataniiru. Ijaarsi sirna dinagdee amansiisaan jijjiirama haala qilleensaaf hin jilbeeffanne amansiisaan kan Itiyoophiyaan itti jirtu biyyoota Afriikaa fi addunyaa birof fakkeenyummaan kan fudhatamu ta’uu ibsaniiru. Hindis tattaaffii Itiyoophiyaan sirna dinagdee magariisaa jijjiirama haala qilleensaaf hin jilbeeffanne ijaaruuf itti jirtuuf tumsashee cimsitee akka itti fuftu mirkaneessaniiru. Pilaastikoota tajaajila yeroo tokkoof oolanirratti dhorkaan dhiheenya taasifame nageenya naannoo fi eegumsa lafaaf tarkaanfii murteessaa faayidaa cimaa qabu ta’uu kaasaniiru. Fuulduras Hindi muuxannoo sirna eegumsa naannoo fi dinagdee magariisaarratti qabdu qooduudhaan tumsa hunda galeessa Itiyoophiyaa waliin qabdu cimsitee akka itti fuftu ibsaniiru.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 17051
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 2415
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan.   Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru.   Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru.   Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.  
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015