ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Korporeeshinichi sanyiiwwan 90 midhaan 22 baay’isaa jira
Sep 15, 2025 0
Fulbaana 05/2018(TOI)-Korporeeshiniin hojiiwwan qonnaa Itiyoophiyaa lafa heektaara 20 caalurratti sanyiiwwan 90 midhaan 22 baay’isaa akka jiru beeksise. Hojii gaggeessaan hooggansa hojii komunikeeshinii fi ittigaafatama hawaasaa Gaashaawu Ayichiluhim akka jedhanitti, bara oomishaa 2016/17 qonna korporeeshinichaarratti oyiruuwwan kontiraata baay’iftootaa babal’aarratti fi oyiruu qonnaan bulaarratti lafa heektaara kuma 20 fi 627 uwwisuun danda’ameera. Kanarraas oomisha kuntaala kuma 464 fi 270 oomishuun akka danda’ame TOI’tti himaniiru. Raawwiin oomishaa jiddu gala rawwii waggoottansadan darbaniin dhibbantaa 34 akkasumas bara oomishaa 2015/16 waliin yoo madaalamu dhibbantaa 10 dabaluu ibsaniiru. Korporeeshinichi lafa heektaara 20 caalurratti sanyiiwwan 90 midhaan 22 baay’isaa akka jiru ibsaniiru. Waggaattis jiddugaleessaan sanyii kuntaala kuma 450 caalu fayyadamtootaaf dhiheessaa akka jiru beeksisaniiru. Akkaataa Kanaan fedhii sanyii filatamaa sadarkaa biyyaalessaatti dhihaatu dhibbantaa 33 guutuusaa kaasaniiru. Korporeeshinichi sanyii filatamaa dhiheessuun cinaatti midhaan alergii, mudhaan nyaataa, kuduraa fi muduraa, horsiisa loonii fi oomisha dammaarratti bal’inaan hojjechuuf sochii jalqabuusaa eeraniiru.
Hidhi haaromsaa tumsa waloo dhalootaan milkaa’e ummata naannichaa biratti kaka’umsa uumeera
Sep 15, 2025 4
Fulbaana 05/2018(TOI)- Hidhi haaromsaa tumsa waloo dhalootaan milkaa’e ummata naannoo Oromiyaa biratti kaka’umsa olaanaa uumuusaa itti aanaan pirezidaantii maammichaa Awwaluu Abdii ibsan. Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi xumuramuu sababeeffachuun qindeessummaa biiroo Ispoortii fi dargaggoo naannoo Oromyaatiin hooggantoonnii fi hojjettoonni naannichaa sosochii ga’umsa qaamaa gaggeessaniiru. Saganticharratti kan argaman itti aanaan pirezidaantii naannichaa Awwaluu Abdii, dhaloonni ammaa tumsa waloo taasiseen hidha haaromsaa milkeessuun bu’aa guddaa addunyaatti agarsiiseera jedhaniiru. Kunis ummata naannichaas ta’e Itiyoophiyaanota hunda biratti kaka’umsa olaanaa uumuusaa ibsanii, kaka’umsa Kanaan naannichi nageenya fulla’aa cimsuun hojiilee fayyadama ummataa guddisan irratti xiyyeeffatee nihojjeta jedhaniiru. Ummanni tumsa hidha haaromsaarratti agarsiise hojiilee misoomaa biroorratti cimsee ittifufuu akka qabu hubachiisaniiru. Naannichatti inisheetiivota misoomaa garagaraa hojiirra oolchuun oomisha guddisuun wabii nyaataa mirkaneessuurra darbee qaala’insa gatii tasgabbeessuuf akka hojjetamu dubbataniiru. Dhaabbilee tajaajila kennan wiirtuu tokkotti gochuun ummanni tajaajila si’ataa fi saffisaa akka argatu hojjetamaa jira jedhaniiru. Hirmaattota keessaa hojii raawwachiiftuun waajjira damee qindeessaa hirmaannaa ummataa hidha haaromsaa naannichaa Qonjiit Baqqalaa akka jedhanitti, ummanni naannichaa pirojektiin hidhichaa erga eegalee kaasee maallaqaa fi akaakuun deeggarsa gochaa tureera. Deeggarsa ummanni taasiseef galateeffatanii deeggarsi kun hojiilee misoomaa biroorrattis cimsee akka ittifufu waamicha dhiheessaniiru.
Itti aanaan Ministira Muummee Obbo Tamasgeen Xurunaa hoggantoota Mana Maree dhimmoota Islaamaa haaraa filataman waliin mari’atan
Sep 15, 2025 7
Fulbaana 05/2018(TOI )-Itti aanaan Ministira Muummee Obbo Tamasgeen Xurunaa hoggantoota Mana Maree dhimmoota Islaamaa haaraa filataman waliin har’a mari’ataniiru. Itti Aanaan Ministira Muummee Obbo Tamasgeen Xurunaa marii taasisan ilaalchisuun ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, filannoon biyyaalessaa majiliisaa karaa milkaa’ina qabuun akka gaggeeffamuu taasisuusaaniin ummata musiliimaa fi hoggantoota mana marichaaf dinqiisiifannaa qaban ibsuun barbaada jedhaniiru. Filannoon majiliisaa nagaa qabeessa, hirmaachisaa fi hammataa karaa ta’een gaggeeffamuunsaa kan irraa baratamu ta’uus ibsaniiru. Mootummaan hoggantoota mana maree biyyaalessaa dhimmoota islaamaa waliin dhimma biyyaarratti caalaatti dhiheenyatti kan hojjettu yoo ta’u deeggarsa barbaachisaa akka taasisus eeraniiru. Hoggantoota mana marichaaf bara hojii gaarii akka ta’uuf nan hawwa jedhaniiru Itti Aanaan Ministira Muummee ergaasaaniin.
Komishinichi dandeettii dhaabbataa tajaajila gumurukii ammayyaa fi si’ataa cimsu ijaaraa jira- Komishinar Dabalee Qaabataa
Sep 15, 2025 10
Fulbaana 05/2018(TOI)- Komishiniin Gumurukii Itiyoophiyaa tajaajila gumurukii ammayyaa fi si’ataa kennuun dandeettii dhaabbatummaa guddina biyyaarratti ashaaraa guddaa kaa’uu dandeessisu ijaaraa akka jiru komishinariin komishinichaa Dabalee Qaabataa ibsan. Komishiniin Gumurukii sirna eebbaa hojjettoota gumurukii Finfinnee gaggeessaa jira. Ministirri galiiwwanii Ayinaalem Nugusee, komishishinariin Gumurukii Dabalee Qaabataa, komishinariin komishinii siviil sarniisii Itiyoophiyaa Dr. Makuriyaa Hayilee , eeggataan oirezidaantii Yuunivarsiitii Finfinnee Dr. Saamu’eel Kiflee fi keessummoonni waamaman saganticharratti argamaniiru. Komishinar Dabalee Qaabataa wayita kana, komishinichi jijjiiramaan asitti sirna kenniinsa tajaajilaa fooyyessuuf hojiiwwan riifoormii dhaabbatichaa hedduu hojjechaa turuu dubbataniiru. Haala Kanaan akkaataa gurmaa’insa caaseffama komishinichaa fooyya’een ogeeyyota gumurukii haaraan naannawoota biyyattii hundarraa fo’tamanii leenjii fudhatanii qormaata ga’umsaa darban kuma 3 fi 200 caalan eebbisiisee hojiitti galchuuf qophaa’uusaa eeraniiru. Hojjettoonni haaraan kunneen har’a irraa eegalee hojmaata gumurukaa ammayyeessuu fi tajaajila si’ataa kennuun guddina dinagdee fi misooma Itiyoophiyaarratti ashaaraa guddaa akka kaa’an dubbataniiru. Hojjettoonni haaraan har’a eebbifamanii hojii eegalan amanamummaan, amala gaariin fi ciminaan biyyasaanii tajaajiluu akka qaban hubachiisaniiru.
Naannoo Harariitti hojiin baruu fi barsiisuu bara barnootaa 2018 Eegaleera
Sep 15, 2025 31
Fulbaana 05/2018(TOI )- Naannoo Harariitti hojiin baruu fi barsiisuu bara Barnootaa 2018 Eegaluu Biiroon Barnootaa Naannichaa Beeksiseera. Itti Gaafatamaan Biiroo Barnootaa Naannichaa Obbo Geetuu Nagawoo TOI’f akka ibsanitti, barri Barnootaa 2018 naannoo Harariitti milkaa’inaan eegalaeera. Naannichatti baatiiwwan gannaa mata duree “Barnoonni Dhalootaaf” jedhuun hojiin sadarkaa Manneen Barnootaa fooyyessuu hojjetamuu ibsaniiru. Keessumaa Manneen Barnootaaf Suphaan Teessoo, Deeskii, Gabatee Gurrachaa fi kanneen kan fakkaatan hojjetamuu fi Manneen Barnootaa Miidhagaa fi qulqulluu taassisuu raawwatamuu ibsaniiru. Guyyaa har’aa Manneen Barnootaa Mootummaa fi dhuunfaa hundatti adeemsi baruu fi barsiisuu eegaluu ibsaniiru. Naannichatti bara Barnootaa kanatti barattoonni kuma 92 ol Idileen duraa hanga kutaa 12ffaa Barnootasaanii akka hordofan dubbataniiru. Keessumaa naannichatti bu’aan jijjiirama qabxii galmaa’aa kan jiru kutaa 6ffaa, 8ffaa fi 12ffaa bara kanas hojiin fooya’aan akka hojjetamu dubbataniiru.
Siyaasa
Itiyoophiyaanonnii tokko taanee yoo kaane waanti nudhaabu hinjiru-Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee
Sep 14, 2025 274
Fulbaana 04/2018(TOI)- Itiyoophiyaanonnii tokko taanee yoo kaane waanti nudhaabu hinjiru-Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee ibsan. Hidhi haaromsaa guddichi eebbifamuu sababeeffachuun mata duree “Itiyoophiyaan dandeesseetti jedhuun hiriirri deeggarsa ummataa Finfinneetti gaggeeffameera. Pirezidaant Taayyeen wayita kana dubbii dubbatameen, hidhi haaromsaa hunda dura humni ummatummaa cimaa ta’uu eeranii, ergaansaas Itiyoophiyaanonni nidandeenya kan jedhu ta’uu ibsaniiru. Addunyaan rakkisaan kun isin hiyyummaa fi beelaan beekamtu yoo nuun jedhu,ilaalchi kun soba ta’uusaa fi hojjennee jijjiiramuu akka dandeenyu kan itti agarsiifnedha jedhaniiru. Ergaan hidha kanaa, Itiyophiyaanonni tokkummaan yoo qindaa’an,akeekaa fi galmasaanii yoo adda baasan nidanda’u, waanti dadhaban hinjiru jedhan dubbi dubbataniin. Olaantummaan yaadaas Itiyoophiyaan nidandeessi kan jedhu ta’uu, guddummaa hojii fi mo’attummaa ifatti agarsiisuu eeraniiru. Sammuuwwan yaadan, harki ogummaa hojiif dhama’an, hoogaantoonnii fi hojjettoonni jalqabuufis ta’e sirnaan xumuruuf hojjetan yemmuu jiran, guddinni yaannii fi gochi gaariin yoo walfudhatan jechuudha jechuun ibsaniiru. Yaada jallate soroorsuuf, raawwii jallate sirreessuuf kan hojjetan akkasumas hoggantoonni jeeja’uu jibban yemmuu jiraatan, hojii fi hojjechiisaan waliigalu, hojiinis niqajeela,aadaan hojiis nigabbata jedhan.
Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi Itiyoophiyaanotaaf abdii ifaa , bu’ura bayyanachuuti-Kantiibaa Adaanech Abeebee
Sep 14, 2025 185
Fulbaana 04/2018 (TOI)- Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi Itiyoophiyaanotaaf abdii ifaa , bu’ura bayyanachuuti jedhan Kantiibaan magaalaa Finfinnee Adaanech Abeebee. Jiraattonni magaalaa Finfinnee mata duree “Itiyoophiyaan dandeesseetti, walta’uu keenyaan dandeenyeerra” jedhuun xumuramuu hidha haaromsaa sababeeffachuun hiriira deeggarsa ummataa guddaa addababayii masqalaatti gaggeessaniiru. Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee, itti aanaan ministira muummee Tamsgeen Xurunaa, etaamaajoor shuumiin waliigalaa humnoota waraanaa fiildi maarshaal Biraanuu Juulaa, kantiibaa Adaanech Abeebee, ministiroonnii fi hooggantoonni mootummaa olaanoon hiriira deeggarsaa kanaratti argamaniiru. Kantiibaa Adaanech Abeebee watita kana hihdi haaromsaa Itiyoophiyaa fi Itiyoophiyaaotaaf ifa abdii, bu’ura bayyanachuuti jechuun dubbatan, Sagalee tokkoon kan barreeffamee fi yoomiyyuu kan hindimimmifne, seenessa keenya waloo bu’ura walooma keenyaa akkasumas dafqaa fi dhiiga keenyaan kan dhugoome hidhi haaromsaa xumuramuusaatti baga gammaddan jedhaniiru. Lammiilee gaara Gubaa jalatti beekumsasaanii, dafqasaanii, dhiigasaanii fi lubbuusaanii kutannoon kaffalaniif kajaja qabu jechuun galateeffataniiru. Shira, haleellaa fi weerara lafa jalaa diinonni keessaa fi alaa walta’uun yaadan aarsaa gootummaan kaffalameen darbuun dhugoomsuun akka danda’ame eeraniiru. Keessumaa waggoottan toorban darban hooggansa cimaa ministira muummee Dr, Abiyyi Ahimadiin rakkoo cimaa hidhichi keessa gale keessaa baasuun dhugoomsuun akka danda’ame dubbataniiru. Dhiibbaawwan garagaraa numudatan damdamachuuf gatii qaamoleen nageenyaa kaffalaniif galateeffataniiru. Manni maree tasgabbii mootummoota gamtoomanii dhiibbaa Itiyoophiyaarraan gahuuf haala hinbaramneen hidhicha ilaalchisee al 13 walgahii taa’uusaa yaadachiisaniiru. Yaaliin kunadeemsa dippilomaasii cimina qabuun fashalaa’uusaa eeranii, dippilomaatota gama Kanaan hirmaatanis galateeffataniiru. Qaamolee miidiyaa, hirmaannonni miidiyaa hawaasaa, Itiyoophiyaanonnii fi dhalattoonni Itiyoophiyaa, akkasumas harki keessan kan hindachaane hundi galata qabdu jedhaniiru. Itiyoophiyaanonni dhiibbaa kallattii garagaraan itti aggaamaman walta’insaan qolachuun keenya, yoo wal taane waan yaanne milkeessuu akka dandeenyu kan agarsiisedha jedhaniiru. Dhiibbaan kamiyyuu kaayyoo keenyarraa duubatti akka nundeebifne xumuramuun hidha kanaa agarsiiftuu ta’uu dubbataniiru. Hidhi kun dhugoomuunsaa ji’oo siyaasaa kan jijjiiree fi Itiyoophiyaan akka dandeessu addunyaatti kan agarsiifte siidaa barabaraati jedhaniiru. Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi Qaammee 4 bara 2017 ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin eebbifamuunsaa nibeekama. Pirezidaantiin Keeniyaa Wiiliyaam Ruuttoo, Pirezidaantiin Jibutii Ismaa’el Omaar Geelee, pirezidaantiin Somaaliyaa Hasan Sheek Mahaammad pirezidaantiin Sudaan Kibbaa Saalvaa Keer fi hooggantoonni biyyoota Afriikaa fi Kaariibiyaan sirna eebba hidha haaromsaarratti argamuunsaanii niyaadatama.A2a
Nageenya Magaalichaa Cimsuun hojiin Misooma Saffisiisuun Cimee itti fufa- Dursaa Itti Aanaa Kantiibaa Magaalaa Bahaar Daara Goshuu Indaalammaawu
Sep 12, 2025 420
Fulbaana 02/2018(TOI)-Nageenya Magaalaa Bahaar Daara cimsuunii fi Misoomaaf tattaafachun hojiin fayyadamummaa uummataa mirkaneessu cimee Akka Ittifufu Dursaan Itti Aantaa Kantiibaa Magaalichaa Goshuu Indaalammaawu Ibsan. Paartii Badhaadhinaatti Hoggantonni Magaalaa Bahaar Daara hojiiwwan Misoomaa fi Bulchiinsa gaarii waggoottan darban paartichaan galmaa’an akkasumas dhimmoota biroo ilaalchisee waltajjiin marii gaggeeffamaa jira. Saganticharratti Haasaa baninsaa kan taassisan dursaan Itti Aanaa Kantiibaa Magaalaa Bahaar Daara Goshu Indalammaawu, waggoottan Jijiiramaa gama Hawaasummaan, Dinagdeenii fi Siyaasaan milkaa’inoonni fooya’oon galmaa’uusaanii kaasaniiru. Ta’us bu’aawwan kana caalaa itti fufusiisuuf keessumaa miseensi hoggansaa fakkeenya nageenyaa fi misoomaa ta’uun bu’aa caaluuf tattaafachuun akka irraa eeggamu dubbataniiru. Gaaffiiwwan Misoomaa fi Bulchiinsa gaarii deebisuuf yeroo kamiyyuu caalaa qophaa’oo ta’uu hunda keenyarraa eegama jechuun kaasaniiru. Dandeettii humna raawwachiisummaa gaggeessa fi hirmaannaa ho’aa Hawaasaan dabalamee imala badhaadhinaa eegalame fi milkaa’ina galma karoorfameef qindoominaan hojjechuun nurraa eegama jedhaniiru. Gama Kanaan nageenya Magaalichaa cimsuun misoomaaf dhimmuun fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessuuf akka hojjetamu dubbataniiru. Waltajjiin marii gaggeessitoota paartii kun har’aa eegalee guyyoota sadan itti aanaaniif kan gaggeefamau ta’uun beekameera
Eebba Hidha Haaromsa Itiyoophiyaa Guddicharraatti kan argaman Pirezidaant Salvaakeer gara biyya saaniitti gaggeeffaman
Sep 10, 2025 648
Qaammee 5/2017(TOI)-Sirna Eebba Hidha Haaromsa Itiyoophiyaarraa Guddichatti kan argaman Pirezidaantiin Sudaan kibbaa Salvaakeer Miyaardiit turtiisaanii Itiyoophiyaa xumuranii gara biyya saaniitti gaggeeffamaniiru. De’eetaan Ministira nageenyaa Dr. Keyreddin Tazarraa fi De’eetaan Ministira dhimma Alaa Ambaasadder Biraanuu Tsaggaayee Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Booleetti argamuun Pirezidaanticha gaggeessaniiru.
Itiyoophiyaa fi Somaaliyaan Nagaa fi Tas-gabbii Riijinichaaf akkasumas Misoomaa Mirkaneessuuf Ejjennoo Cimaa qaban mirkaneessan
Sep 10, 2025 488
Qaammee 5/2017(TOI)-Itiyoophiyaa fi Somaaliyaan nagaa fi tas-gabbii Riijinichaaf akkasums misoomaa Mirkaneessuuf Ejjennoo Cimaa qaban mirkaneessaniiru. Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad Pirezidaantii Ripaabilikaa Federaalaa Somaaliyaa Hassan Sheek Mahaamad har’a ganama Waajjirasaaniitti simatanii marii’ataniiiru. Kanaanis nagaa fi tsa-gabbii Riijinii, akkasumas misooma mirkaneessuuf ejjennoo cimaa qabnu irra deebinee Mirkaneessineerra jedhaniiru ergaa fuula miidiyaa hawaasummaasaaniin dabarsaniin.
Itiyoophiyaa fi Giriinaadaan dhimmoota tumsaan hojjechuu danda’anirratti mari’atan
Sep 7, 2025 820
Qaammee 2/2017 (TOI)-Ministirri dhimma alaa Dr. Geediyoon Ximootiwoos ministira dhimma alaa Giriinaadaa Jooseef Andil waliin dhimmoota gamlamee biyyaarratti mari’ataniiru. Mariin kun yaa’ii hooggantoota hawaasa Afriikaa Kaariibiyaan lammaffaa Finfinneetti taa’amaa jiru cinaatti taasifame. Walitti hidhamiinsa seena qabeessa Afriikaa fi Kaariibiyaan jidduu jiru gara tumsa qabatamaatti jijjiiruun akka barbaachisu ministiroonni marii taasisaniin kaasaniiru. Akkasumas Itiyoophiyaa fi Giriinaadaan fuuldura, dameelee fayyaa, dippilomaasii, human nama baratee bobbaasuu fi Aviyeeshiniin tumsa gochuun haala danda’amurratti mari’ataniiru.
Ejjennoon guddina Ardiif qabnu chichee itti nifufa-ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Sep 7, 2025 644
Qaammee 2/2017(TOI)- Ejjennoon guddina Ardiif qabnu chichee itti nifufa jedhan ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad yaa’iin AfriikaaKariikoom cinaatti pirezidaantii rippaabiliikii Angoolaa fi dura taa’aa gamtaa Afriikaa kan yeroo Ju’aawoo Looreenchoo waliin mari’ataniiru. Marii kanaanis dhimmoota gamlamee fi riijinii dhimmoota waloorratti hundaa’anirratti mari’anneerra jechuun fuula marsariitiisaaniirratti beeksisaniiru. Ejjennoon guddina Ardiif qabnu cichee itti fufa jechuun mirkaneessaniiru.
Qormaattota sadarkaa idil addunyaatti mudachaa jiraniif sagalee tokko dhageessisuutu barbaachisa-ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Sep 7, 2025 645
Qaammee 2/2017 (TOI)- Qormaattota sadarkaa idil addunyaatti mudachaa jiraniif sagalee tokko dhageessisuutu barbaachisa jechuun ibsan ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad. Yaa’iin lammaffaa biyyoota Afriikaa Kaariibiyaan Finfinneetti gaggeeffamaa jira. Yaa’iin kun mata duree “Afrikaanotaa fi sanyii Afriikaanotaaf haqa kiisii barbaaduuf tumsa Ardii cehu” jedhuun gaggeeffamaa jira. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad dubbii yaa’icharratti dubbataniin, addunyaan jijjiiramaa akka jirtu ibsaniiru. Sagaleeweewan wayita tokko dagataman amma dhagahamuu akka barbaadan hubachiisaniiru. Yeroo ammaa qofa qofaatti yaada ibsuu mannaatii, tokkummaan human ta’uusaa hubachuun tokko taanee sagalee dhageessisuu qabna jechuun ibsaniiru. Kanaaf ammo akka yaa’ii biyyoota Afriikaa Kaariibiyaan kanaatti walitti dhufuun murteessaa ta’uu hubachiisaniiru. Kanaaf qormaattona sadarkaa idil addunyaatti mudachaa jiraniif deebii kennuuf tokkummaan ardii barbaachisaa ta’uu eeraniiru.

Hawaasummaa
Itti aanaan Ministira Muummee Obbo Tamasgeen Xurunaa hoggantoota Mana Maree dhimmoota Islaamaa haaraa filataman waliin mari’atan
Sep 15, 2025 7
Fulbaana 05/2018(TOI )-Itti aanaan Ministira Muummee Obbo Tamasgeen Xurunaa hoggantoota Mana Maree dhimmoota Islaamaa haaraa filataman waliin har’a mari’ataniiru. Itti Aanaan Ministira Muummee Obbo Tamasgeen Xurunaa marii taasisan ilaalchisuun ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, filannoon biyyaalessaa majiliisaa karaa milkaa’ina qabuun akka gaggeeffamuu taasisuusaaniin ummata musiliimaa fi hoggantoota mana marichaaf dinqiisiifannaa qaban ibsuun barbaada jedhaniiru. Filannoon majiliisaa nagaa qabeessa, hirmaachisaa fi hammataa karaa ta’een gaggeeffamuunsaa kan irraa baratamu ta’uus ibsaniiru. Mootummaan hoggantoota mana maree biyyaalessaa dhimmoota islaamaa waliin dhimma biyyaarratti caalaatti dhiheenyatti kan hojjettu yoo ta’u deeggarsa barbaachisaa akka taasisus eeraniiru. Hoggantoota mana marichaaf bara hojii gaarii akka ta’uuf nan hawwa jedhaniiru Itti Aanaan Ministira Muummee ergaasaaniin.
Naannoo Harariitti hojiin baruu fi barsiisuu bara barnootaa 2018 Eegaleera
Sep 15, 2025 31
Fulbaana 05/2018(TOI )- Naannoo Harariitti hojiin baruu fi barsiisuu bara Barnootaa 2018 Eegaluu Biiroon Barnootaa Naannichaa Beeksiseera. Itti Gaafatamaan Biiroo Barnootaa Naannichaa Obbo Geetuu Nagawoo TOI’f akka ibsanitti, barri Barnootaa 2018 naannoo Harariitti milkaa’inaan eegalaeera. Naannichatti baatiiwwan gannaa mata duree “Barnoonni Dhalootaaf” jedhuun hojiin sadarkaa Manneen Barnootaa fooyyessuu hojjetamuu ibsaniiru. Keessumaa Manneen Barnootaaf Suphaan Teessoo, Deeskii, Gabatee Gurrachaa fi kanneen kan fakkaatan hojjetamuu fi Manneen Barnootaa Miidhagaa fi qulqulluu taassisuu raawwatamuu ibsaniiru. Guyyaa har’aa Manneen Barnootaa Mootummaa fi dhuunfaa hundatti adeemsi baruu fi barsiisuu eegaluu ibsaniiru. Naannichatti bara Barnootaa kanatti barattoonni kuma 92 ol Idileen duraa hanga kutaa 12ffaa Barnootasaanii akka hordofan dubbataniiru. Keessumaa naannichatti bu’aan jijjiirama qabxii galmaa’aa kan jiru kutaa 6ffaa, 8ffaa fi 12ffaa bara kanas hojiin fooya’aan akka hojjetamu dubbataniiru.
Hiriirri deeggarsa ummataa guddaan “Itiyoophiyaan dandeesseetti” jedhu bakka pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee argamanitti Finfinneetti gaggeeffamaa jira
Sep 15, 2025 84
Fulbaana 04/2018(TOI)- Hiriirri deeggarsa ummataa guddaan “Itiyoophiyaan dandeesseetti” jedhu bakka pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee argamanitti Finfinneetti gaggeeffamaa jira Bakka pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee, Itti aanaan Ministira Muummee Tamsgeen Xurunaa, Etaamaajoor shuumiin waliigalaa humnoota waraanaa Fiildi Maarshaal Biraanuu Juulaa, kantiibaa Adaanech Abeebee fi hooggantoonni mootummaa olaanoon bakka argamanitti hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi xumuramee eebbifamuusaa sababeeffachuun mata duree “Itiyoophiyaan dandeesseetti” jedhuun qophaa’e adda babayii masqalaatti gaggeeffamaa jira. Ergaawwan “waltaanee dandeenyeerra”, “hidhi kun biyyoota sululichaaf gumaacha malee miidhaa hinqabu”, “hidhi keenya gamtoomina Itiyoophiyaan cimee kan dhaabatu nishaanii mo’annaa keenyaa” jedhanii fi kanneen biroo darbaa jiru.
Hiriirri deeggarsa Uummataa Finfinneetti gaggeeffamaa jira
Sep 15, 2025 57
Fulbaana 04/2018 (TOI)- Hidhi Haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi xumuramuu sababeeffachuun hiriirri deeggarsaa ummataa Finfinneetti gaggeeffamaa jira. Ergaawwan “waltaanee dandeenyeerra” jedhanii fi kanneen biroon hiriira deeggarsaarratti darbaa jiru. Hidhi haromsaa Itiyoophjiyaa guddichi Qaammee 4 bara 2017 Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin eebbifamuunsaa ni yaadatama.
Diinagdee
Korporeeshinichi sanyiiwwan 90 midhaan 22 baay’isaa jira
Sep 15, 2025 0
Fulbaana 05/2018(TOI)-Korporeeshiniin hojiiwwan qonnaa Itiyoophiyaa lafa heektaara 20 caalurratti sanyiiwwan 90 midhaan 22 baay’isaa akka jiru beeksise. Hojii gaggeessaan hooggansa hojii komunikeeshinii fi ittigaafatama hawaasaa Gaashaawu Ayichiluhim akka jedhanitti, bara oomishaa 2016/17 qonna korporeeshinichaarratti oyiruuwwan kontiraata baay’iftootaa babal’aarratti fi oyiruu qonnaan bulaarratti lafa heektaara kuma 20 fi 627 uwwisuun danda’ameera. Kanarraas oomisha kuntaala kuma 464 fi 270 oomishuun akka danda’ame TOI’tti himaniiru. Raawwiin oomishaa jiddu gala rawwii waggoottansadan darbaniin dhibbantaa 34 akkasumas bara oomishaa 2015/16 waliin yoo madaalamu dhibbantaa 10 dabaluu ibsaniiru. Korporeeshinichi lafa heektaara 20 caalurratti sanyiiwwan 90 midhaan 22 baay’isaa akka jiru ibsaniiru. Waggaattis jiddugaleessaan sanyii kuntaala kuma 450 caalu fayyadamtootaaf dhiheessaa akka jiru beeksisaniiru. Akkaataa Kanaan fedhii sanyii filatamaa sadarkaa biyyaalessaatti dhihaatu dhibbantaa 33 guutuusaa kaasaniiru. Korporeeshinichi sanyii filatamaa dhiheessuun cinaatti midhaan alergii, mudhaan nyaataa, kuduraa fi muduraa, horsiisa loonii fi oomisha dammaarratti bal’inaan hojjechuuf sochii jalqabuusaa eeraniiru.
Hidhi haaromsaa tumsa waloo dhalootaan milkaa’e ummata naannichaa biratti kaka’umsa uumeera
Sep 15, 2025 4
Fulbaana 05/2018(TOI)- Hidhi haaromsaa tumsa waloo dhalootaan milkaa’e ummata naannoo Oromiyaa biratti kaka’umsa olaanaa uumuusaa itti aanaan pirezidaantii maammichaa Awwaluu Abdii ibsan. Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi xumuramuu sababeeffachuun qindeessummaa biiroo Ispoortii fi dargaggoo naannoo Oromyaatiin hooggantoonnii fi hojjettoonni naannichaa sosochii ga’umsa qaamaa gaggeessaniiru. Saganticharratti kan argaman itti aanaan pirezidaantii naannichaa Awwaluu Abdii, dhaloonni ammaa tumsa waloo taasiseen hidha haaromsaa milkeessuun bu’aa guddaa addunyaatti agarsiiseera jedhaniiru. Kunis ummata naannichaas ta’e Itiyoophiyaanota hunda biratti kaka’umsa olaanaa uumuusaa ibsanii, kaka’umsa Kanaan naannichi nageenya fulla’aa cimsuun hojiilee fayyadama ummataa guddisan irratti xiyyeeffatee nihojjeta jedhaniiru. Ummanni tumsa hidha haaromsaarratti agarsiise hojiilee misoomaa biroorratti cimsee ittifufuu akka qabu hubachiisaniiru. Naannichatti inisheetiivota misoomaa garagaraa hojiirra oolchuun oomisha guddisuun wabii nyaataa mirkaneessuurra darbee qaala’insa gatii tasgabbeessuuf akka hojjetamu dubbataniiru. Dhaabbilee tajaajila kennan wiirtuu tokkotti gochuun ummanni tajaajila si’ataa fi saffisaa akka argatu hojjetamaa jira jedhaniiru. Hirmaattota keessaa hojii raawwachiiftuun waajjira damee qindeessaa hirmaannaa ummataa hidha haaromsaa naannichaa Qonjiit Baqqalaa akka jedhanitti, ummanni naannichaa pirojektiin hidhichaa erga eegalee kaasee maallaqaa fi akaakuun deeggarsa gochaa tureera. Deeggarsa ummanni taasiseef galateeffatanii deeggarsi kun hojiilee misoomaa biroorrattis cimsee akka ittifufu waamicha dhiheessaniiru.
Komishinichi dandeettii dhaabbataa tajaajila gumurukii ammayyaa fi si’ataa cimsu ijaaraa jira- Komishinar Dabalee Qaabataa
Sep 15, 2025 10
Fulbaana 05/2018(TOI)- Komishiniin Gumurukii Itiyoophiyaa tajaajila gumurukii ammayyaa fi si’ataa kennuun dandeettii dhaabbatummaa guddina biyyaarratti ashaaraa guddaa kaa’uu dandeessisu ijaaraa akka jiru komishinariin komishinichaa Dabalee Qaabataa ibsan. Komishiniin Gumurukii sirna eebbaa hojjettoota gumurukii Finfinnee gaggeessaa jira. Ministirri galiiwwanii Ayinaalem Nugusee, komishishinariin Gumurukii Dabalee Qaabataa, komishinariin komishinii siviil sarniisii Itiyoophiyaa Dr. Makuriyaa Hayilee , eeggataan oirezidaantii Yuunivarsiitii Finfinnee Dr. Saamu’eel Kiflee fi keessummoonni waamaman saganticharratti argamaniiru. Komishinar Dabalee Qaabataa wayita kana, komishinichi jijjiiramaan asitti sirna kenniinsa tajaajilaa fooyyessuuf hojiiwwan riifoormii dhaabbatichaa hedduu hojjechaa turuu dubbataniiru. Haala Kanaan akkaataa gurmaa’insa caaseffama komishinichaa fooyya’een ogeeyyota gumurukii haaraan naannawoota biyyattii hundarraa fo’tamanii leenjii fudhatanii qormaata ga’umsaa darban kuma 3 fi 200 caalan eebbisiisee hojiitti galchuuf qophaa’uusaa eeraniiru. Hojjettoonni haaraan kunneen har’a irraa eegalee hojmaata gumurukaa ammayyeessuu fi tajaajila si’ataa kennuun guddina dinagdee fi misooma Itiyoophiyaarratti ashaaraa guddaa akka kaa’an dubbataniiru. Hojjettoonni haaraan har’a eebbifamanii hojii eegalan amanamummaan, amala gaariin fi ciminaan biyyasaanii tajaajiluu akka qaban hubachiisaniiru.
Walitti hidhamiinsa waliigaltee omisha qonnaan bu’aan argamaa jira-Ministeera Qonnaa
Sep 15, 2025 24
Fulbaana 05/2018(TOI )-Waggootan sadan darban Walitti hidhamiinsa waliigaltee omisha qonnaatiin dameelee adda addaan karooraa ol raawwatamuu danda’uu Ministeerri Qonnaa beeksise. Ministeerichatti Ittigaafatamaan deeskii Waliigaltee oomisha Qonnaa Sulxaan Mahaammad TOI’f akka ibsanitti, hojiiwwan karaa waliigaltee walitti Hidhaminsa waliigaltee oomisha Qonnaan hojjetamaa jiraniin raawwiinsaanii guddachaa dhufeera. Bu’uurama Kanaan bara 2015 hanga bara 2017tti oomisheessitoonni walitti hidhaminsia walii galtee omisha Qonnaa kuma1 fi 268n ga’uuf karoorfamee,kuma 3 fi 490n gahuun akka danda’ame himaniiru. Akkasumsa baay’ina omishtootaa walitti hidhamiinsa waliigaltee oomisha Qonnaa raawwatan waggaa sadiitti kuma 9 fi 74 gahuuf karoorfamee kuma 18 fi 85n gahuun danda’amuu mirkaneessaniiru. Gama biraan lafa heektaara kuma 17 fi 79 tuqaa 59 walitti hidhamiinsa waliigaltee oomisha qonnaan uwwisuuf karoorfamee, lafa heektaara kuma 36 fi 74 tuqaa 92 uwwisuun akka danda’ame dubbataniiru. Waggoottan sadan darban baay’ina oomisha alergii walitti hidhamiinsa waliigaltee oomisha qonnaa kuntaala miiliyoona 21 tuqaa 8n gahuuf karoorfamee kuntaala miiliyoona 37 tuqaa 78erguun akka danda’ame kaasaniiru. Walitti hidhamiinsa Waliigaltee oomisha qonnaa agiroo industirii waliin uumame ilaalchisee oomisheessaa tokkoon heektaara kuma 7 oomisha Qobboon uwwisuun oomishtoonni kuma 1’n tooniin kuma 14 oomishameera jedhan. Oomisheessitoota Kaasaavaa irratti bobba’an 2’n lafti heektaara kuma dhibba 4 uwwifamuu eeranii, oomishtoonni 350 jiraachuu fi tooniin miiliyoona 3 tuqaa 4 oomishamuu eeraniiru. Akkasumas lafti heektaara kuma 2 mi’eessituun uwwifamee oomisheessitoota lamaan oomishtoota kuma 5n tooniin kuma 2 fi 600 oomishamuu eeraniiru. Midhaan zayitaa lafti heektaara kuma 6 uwwifamee oomisheessitoota 3 fi oomishtoota 200n tooniin kuma 18 oomishamuu ibsaniiru. Damee Avokaadoon oomisheessitoota afuriin waldaalee hojii gamtaa 62’n tooniin 848 oomishamuusaa dabalanii ibsaniiru. Sanyii filatamaa baayyisuu ilaalchisee oomisheessitoota 6’n lafa heektaara 715 uwwisuun oomishtoota 654’n tooniin kuma 2 fi 920 oomishameera jedhan. Damee Re’ee, hoolaa fi loon maalaan oomisheessitoonni sadii fi oomishtoonni 300 jiraachuu eeranii, walumaa gala beellada kuma 20 horsiisuun akka danda’ame ibsaniiru.
Saayinsii fi teeknooloojii
Har’a cimnee hojjennee, boruu keenya caalaatti kaaneerra-ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Sep 10, 2025 329
Hagayya 5 /2017 (TOI)-Kaleessastti fayyadamuu fi sirreessuun, har’a cimnee hojjechuun, bouu keenya ammoo caalaatti fooyya’aa gochuuf kaaneerra jedhan minisirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad. Ministirri muummee Guyyaa borumtaa sababeeffachuun dijitaal Itiyoophiya gama dhugoomsuun ergaa dabarsaniin rakkooleen bara anaaloogii turan bara dijitaalaatti hindabalaman jedhaniiru. Boru “dijitaal Itiyoophiyaa” ta’uurra darbee aadaa akka ta’u fuula marsariitiisaaniirratti eeraniiru. Daldalaa fi tajaajiloota keenya si’achiisuun, odeeffannoowwan keenya qaqqabsiisuun namni tokko nama tokko akka ta’u gochuun, sirna faayinaansii keenya caalaatti qaqqabaa fi si’ataa akka ta’u gochuun, tajaajiloota barnootaa fi fayyaa kallattii hundaan bal’isuun, dijitaal Itiyoophiyaan akka milkaa’u tattaaffii fi xiyyeeffannoo akka barbaadu ibsaniiru.
Qorannoon dhukkuba sombaa hubannoo namtolcheen deeggarame godina Boorana Bahaatti gaggeeffamaa jira
Sep 4, 2025 537
Hagayya 29/2017(TOI)- Qorannoon dhukkuba sombaa hubannoo namtolcheen deeggarame godina Boorana Bahaatti yeroo jalqabaaf gaggeeffamaa akka jiru waajjirri fayyaa godinichaa beeksise. Waajjrichatti qondeessaan sagantaa ittisa dhukkuba sombaa obbo Abarraa Siyyum akka jedhanitti, qorannoon kun godinicha aanaalee Areeroo, Gooroo Doolaa, Walaabuu Bahaa fi Daasfi magaalaa Nagallee Booranaatti nigaggeeffama. Ogeeyyonni fayyaa olaanoo 10 damee Kanaan leenji’anii fi hojjettoonni deeggarsaa hedduun qorannoo kana gaggeessan hojiitti jiru. Sagantaa Kanaan namoota kuma sadii caalaniif qorannoo dhukkuba sombaa tolaan taasisuuf karoorfamee hojiitti galamuusaas dabalanii ibsaniiru. Qorannoo amma ammaatti taasifameen 135 kan ta’an meeshaa hubannoo nam tolcheen qorannoon X-ray akka taasifameef beeksisaniiru. Mootummaan lammiilee galii xiqqaan jiraataniif qorannoo fayyaa toolaan taasisuun tamsa’ina dhukkuba kanaa qolachuuf hojjechaa akka jiru eeraniiru. Qindeessaan kun akka jedhanitti, ministeerri fayyaas gammoojii naannawichaatti tajaajila qorannoof kan oolan meeshaa X-ray qoratu kan birrii miiliyoona toorbatti tilmaamamu deeggarsa taasiseera. Meeshaan qorannoo kun hubannoon namtolchee kan itti maxxanfamee fi bu’a qabeessa akka ta’es qabatamaan ilaalamuusaa beeksisaniiru. Qorannoon dhukkuba sombaa godinichatti gaggeeffamaa jiru baatii tokkoof nitura jedhameera.
Hojiilee damee Innoveeshinii fi Teeknooloojiin hojjetamaniin bu’aaleen jajjabeessoon argamaniiru
Aug 28, 2025 743
Hagayya 22/2017(TOI)-Bu’aalee teeknooloojii guddina biyyaaf hojiirra oolchuun bu’aaleen jajjabeessoon argamuusaanii ministirri Innoveeshinii fi Teeknooloojii Dr. Ballaxaa Mollaa dubbatan. Ministeerri Innoveeshinii fi Teeknooloojii fi dhaabbileen itti waamamtootaa akkasumas dhaabbileen naannolee dmichaa raawwii hojii bara 2017 fi karoora bara 2018 irratti Dirreedawaatti mari’achaa jiru. Ministirri Innoveeshinii fi Teeknooloojii Dr. Ballaxaa Mollaa marii kanarratti akka jedhanitti, guddinaa fi guddummaa biyyaa mirkaneessuuf bu’aalee teeknooloojii baay’inaa fi qulqullinaan hojiirra oolchuun xiyyeeffannoo argateera. Bara bajataa xumurame bu’aalee teeknooloojii fi hojiilee kalaqaa hojiitti galchuun tajaajiloonni teeknooloojiin deeggaraman kennuun bu’aan argamuu ibsaniiru. Bu’uraalee misoomaa diriirsuun fi naannolee waliin qindaa’iin hojii hojjitameen hojiileen fakkeenya qaban hojjetamuu yaadahiisaniiru. Kana malees labsiin ‘staar aappii’ mirkanaa’ee hojiitti cehuusaa dubbataniiru. Misoomaa fi ogummaa humna namaan lammiilen leenjii Itiyoo-koodiing miiliyoona shanii fudhachuun beekumsa dijitaalaa akka guddifatan hojjetamaa jiraachuu eeraniiru. Mariin Dirree Dawaatti eegalame akka biyyaattis ta’e akka Dirree Dawaatti bu’aalee argaman cimsuu fi jijjiirama fooyya’aa fiduuf haala mijataa uuma kan jedhan ammoo maricharratti kan hirmaatan itti aanaa kantiibaa bulchiinsa Dirree Dawaa Harbii Buh dha. Itti fufuun akka jedhanitti dhaabbileen bulchiinsa Dirree Dawaa teeknooloojii dijitaalaa fi bu’aalee kalaqaa haaraa fayyadamuun tajaajilli si’ataa fi hatattamaa ummata qaqqabaa jira. Hooggantoonni olaanoo ministeera Innoveeshinii fi Teeknooloojii fi dhaabbileen itti waamamtootaa akkasumas hooggantoonni naannolee damichaa waltajjii guyyoota lamaaf turu kanarratti nihirmaatu.
Itiyoo-teleekoom tarsiimoo waggaa sadii Addis Admaas namarratti xiyyeeffate kan Fayyadamummaa Lammiilee Bu’uura godhatee ifoomse
Aug 26, 2025 766
Hagayya 20/2017(TOI)-Itiyoo-teleekoom tarsiimoo waggaa sadii Addis Admaas namarratti xiyyeeffate kan Fayyadamummaa Lammiilee Bu’uura godhatee ifoomse Dhaabbatichi tarsiimoo Addis Admaas waggoota sadii itti aanu bara 2018 amma 2020tti hojiirra oolu ifoomseera. Hojii raawwachiistuu olaanaan Itiyoo Telekoom Fireehiywoot Taammiruu wayita kana akka ibsanitti, Addis Admaas tarsoomoo waggaa sadan dhufanii jalqabbii haaraa, abdii haaraa fi ilaalcha haaraa kan qabatedha. Tarsiimoon kun tarsiimoo biyyoolessaa fi karoora, taateewwan Idil Addunyaa akkasumas, hirmaachisummaa faayinaansii gidduugaleeffatee kan qophaa’e ta’uu ibsaniiru. Tarsiimoon Addis Adimaas Mul’ata nama irratti xiyyeefate qabatee karoora damee dameen qabaman akka milkaa’aniif kan deeggaru ta’uu ibsaniiru. Tarsiimichi tumsaa fi tokkummaa, olaantummaa, wal-amantaa fi tumsa, kalaqaa fi Itti Gaafatamummaa Hawaasaa galmaan ga’uuf kan kaayyeffate ta’uu ibsaniiru. Cehumsa Dijiiaala Itiyophiyaa cimsuuf Teekinooloojii Dijiitaalaaf dursa kennuu fi fedhii maamiltootaa bu’uura godhachuun kallattii fuulduraati jedhaniiru. Humna namaa Teekinooloojiiwwa Beekumsa haaraa fi dandeettii gaafatu madaalu horachuu, kalaqa nam-tolcheen tajaajila saffisaa kennuu, dhaabbata namoonni itti amanuu danda’an ijaaruun xiyyeeffannoo tarsiimoo kanaa ta’uu ibsaniiru. Itti quufinsa maamilaa guddisuu, gahumsa hojii guddisuu, raawwii hojjettootaa Madaaluu, fi gaggeeessummaa gabaa mirkaneessuun safartuu milkaa’ina tarsiimoo kanaa ta’uu eeraniiru.
Ispoortii
Atileetonni Itiyoophiyaa Dorgommii Gufachiisaa xumuraa dhiirootaa meetirii 3000 irratti ni hirmaatu
Sep 15, 2025 43
Fulbaana 05/2018(TOI)-Dorgommiin gufachiisaa Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 20ffaa xumuraa dhiirotaa meetirii 3000 ni gaggeeffama. Dorgommiin xumuraa guyyaa sa’aatii 9 fi daqiiqaa 55tti gaggeeffamurratti Lammeechaa Girmaa, Geetinnat Waalee fi Saamu’eel Fireew ni hirmaatu. Atileet Lammeechaan shaampiyoonaa Atileetiksii addunyaa 19ffaa A.L.A bara 2023 Hangaarii Budaapestitti gaggeeffameen, Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 18ffaa A.L.A bara 2022 Ameerikaa Iwuujiitti gaggeeffeme fi Shaampiyoonaa Atileetiksii Addunyaa 17ffaa kuuwaatar Dohaatti gageeffamerratti fageenya wal-fakkaatuun Meediyaalii Meetii argateera. Lammeechaan A.L.A bara 2023 dorgommii Diyaamandi liigii paarisitti gaggeeffameen daqiiqaa 7 fi sekondii 52 fi maayikiroo sekoondii 11’n galuun fageenya Kanaan Rikoordii Addunyaa qabachuunsaa ni yaadatama. Atileetichi seenaa hirmaanaa shaampiyoona keessatti warqii jalqabaa argachuuf lammii morookoo injifataa yeroo sanaa Soofiyaan Al-baakaalii waliin dorgommiin taassifamu ni eeggama. Dorgommicharratti kan hirmaatu Geetinnat Waalee daqiiqaa 8 fi sekoondii 5 fi maayikiroo sekondii 15, Saamu’eel Fireew daqiiqaa 8 fi sekondii 4 fi maaykiroo sakoondii 34n fageenya filatamaa dhuunfaasaaniiti. Shaampiyoonaan Addunyaa 20ffaa Tookiyootti gaggeefamaa jiruun Itiyoophiyaan hanga ammaatti meedaaliyaa birrii 2 fi naahaasii 1 argatteetti
Arsenaal Notiingihaam mo’achuun Liigicha dursaa jira
Sep 13, 2025 178
Fulbaana 03/2018(TOI)- Sagantaa piriimer Liigii Ingiliz torban afraffaan Arsenaal Notiingihaam Forasti 3 fi 0’n mo’ateera. Tapha Istaadiyeemii Emereetsitti gaggeeffameen Maartiin Zubiimendii oolii lama yoo galchu Viktor Yokoresh golii tokko galcheera. Akkaataa qabxii kanaatiin Arsenaal qabxii sagaliin liigicha dursaa kan jiru Liivarpool harkaa yeroof dursa fudhateera. Nootiinguhaam Foresti qabxii afuriin sadarkaa 11ffarra qabateera.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Innisheetiivoota Itiyoophiyaan Dhiibbaa Haala Qilleensaa dandamachuuf Jalqabde tumsa kibba-kibbaan jabeessuu barbaachisa
Sep 12, 2025 222
Fulbaana 02/2018(TOI)- Innisheetiivoota Itiyoophiyaan Dhiibbaa Haala Qilleensaa dandamachuuf Jalqabde tumsa kibba-kibbaan jabeessuun akka barbaachisu hoggantoonni dhaabbilee Idil-Addunyaa ibsan. Hangi Faalama gaazii Afriikaan gallakkiftu dhibbentaa afur caaluu baatus dhiibbaa haala jijiirama qilleensaan baay’ee Miidhamtuu ta’uunshee hin oolle. Keessumaa Afriikaa dabalatee biyyoonni guddachaa jiran rakkoo dhiibbaa jijiirama Haala Qilleensaan isaanirra gahu gaaffii dhimma jiraachuu keessa kan galu ta’eera. Afriikaan Dhiibbaa Haala Qilleensaa dandamachuuf biyyoota gaazii qilleensa faalu guddaa dad-lakkisan eeggachuuurra , furmaata mataashee barbaaduu qabdi kan jedhu yaada dhaabbilee Idil-addunyaa hedduuti. Kanarra darbee biyyootaTeekinooloojiin badhaadhan kanneen akka Chaayinaa fi Jaappaan waliinTumsa waloo Kibba-kibbaa taassisuun humna Teekinooloojii guddifachuu akka qabdu ibsaniiru. Gargaaraan Barreessaa dhaabbata Meetiworooloojii Addunyaa Toomaas Asaaree TOI’f akka ibsanitti , Hidhi Haaromsa Itiyoophiyaa Guddicha faayinaansii haala Qilleensaa maddisiisuu fi biyyoonni ollaa humna Haaromfamaan walitti hidhuun gumaacha guddaa qaba. Itiyoopiyaan sagantaa Ashaaraa Magariisaan biqiltuuwwan biiliyoonaan lakka’aman dhaabuun Dinagdee magariisaa Jijiirama Haala Qilleensaan hinraafamne ijaaraa jiraachuu ibsaniiru. Kanaafis Kutannoon gaggeessummaa Ministira Muummee Dr.Abiyi Ahimadii fi Hirmaannaan ummata Itiyoophiyaa qooda olaanaa qabachuu dubbataniiru. Ta’us Itiyoophiyaan Jijiirama Haala Qilleensaa dandamachuuf tattaaffii taassistu tumsa kibba -kibbaan jabeessuutu barbaachisa jedhaniiru. Gargaaraa Daarekteer Jeneraalaa dhaabbata qonnaa fi nyaataa addunyaa fi itti waamamaan Afriikaa Dr. Abbabaa Hayilagabreel gamasaaniin, waliigalteewwan Paarisii fi idil addunyaa kanneen biroo biyyoonni gaazii qilleensa faalu guddaa gad-lakkisan faayinaansii jijjiirama qilleensaa akka danda’an taasisuuf bahan sirnaan hojiirra hin oolle jedhaniiru. Dhiibbaa jijiirama haala Qilleensaa dandamachuuf tumsa kibba-kibbaa cimsuun humna teekinooloojiisaanii guddisuu akka qaban ibsaniiru. Afriikaan ardii humna haaromfamaa, qabeenyota albuudaa fi dilbii uumamaa kanneen biroo qabdu ta’uushee eeruun, teeknooloojii dilbii kana ittiif fayyadamtu tumsa kibba-kibbaan madaqsuu qabdi jedhaniiru. Hammattoo waliigaltee Kibba -Kibbaan biyyoon akka chaayinaa waan hedduun qoramanii humna teekinooloojii bu’uura qabatan ijaaraniiru kan jedhan Dr.Abbabaan , Afriikaan turtee seenuushee, /latecomer advantage/ akka carraatti fayyadamuu akka qabdu ibsaniiru. Biyyoonni akka Chaayinaa hammattoo tumsa tumsaan dandeettii teeknooloojii hedduu qoramanii bu’ura qabate ijaaraniiru kan jedhan Dr. Abbabaan, Afriikaan turtee itti seenuunshee /late comer advantage/ akka carraatti fayyadamuu akka qabdu ibsaniiru.
Afriikaan jijjiirama haala qilleensaaf gargaarsa osoo hintaane Invastimantii waloo barbaaddi-Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Sep 8, 2025 434
Qaammee 3/2017(TOI)- Afriikaan jijjiirama haala qilleensaaf gargaarsa osoo hintaane Invastimantii waloo barbaaddi jedhan Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad. Yaa’iin jijjiirama haala qilleensaa Afriikaa lammaffaan jiddugala konveenshinii idil addunyaa Addisitti eegalameera. Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad dabalate hooggantoonni riijinichaa fi biyyoota Afriikaa garagaraa, hooggantoonni dhaabbilee idila addunyaa akkasumas qorattoonni jijjiirama haala qilleensaa yaa’icharratti hirmaataniiru. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad dubbii baniinsa yaa’ichaarratti dubbataniin, qormaata jijjiirama haala qilleensaa damdamachuuf hir’uu keenyarraa osoo hinta’iin kan qabnurraa eegaluu qabna jedhaniiru. Haala Kanaan Afriikaan dargaggoota hedduu, lafa misoomuu danda’u akkasumas humna haaromfamaaf wantoota hedduu qabdi jedhaniiru. Waan ta’eef asitti kan argamne jijjiirama haala qilleensaa addunyaaf furmaata kaa’uufi jechuun ibsan ministirri muummee. Kanaaf Afriikaan laftishee osoo hinmiidhamiin guddachuu akka dandeessu ibsaniiru. Afriikaan jijjiirama haala qilleensaaf kan barbaaddu gargaarsa osoo hintaane Invastimantii walooti kan jedhan ministirri muummee, invastimantiin jijjiirama haala qilleensaarratti taasifamu faayidaa guddaa akka qabu kaasaniiru. Afriikaan jijjiirama haala qilleensaaf furmaata ijoo ta’uu akka qabdus dubbataniiru.’ Afriikaan jijjiirama haala qilleensaarratti birmadummaa odeeffannoo mataashee qabaachuu akka qabdu kaasaniiru. Hammattoon Yuunivarsiitiiwwanii fi qorattoota Afriikaa akkasumas qooda fudhattoota biroo hirmaachisee fi jijjiirama haala qilleensaaf furmaata qindaa’e diheessu akka hindeeffamu yaada dhiheessaniiru. Haala Kanaan Itiyoophiyaan karaa ashaaraa magariisaa waggoottan toorba dura eegalameen biqiltuu biiliyoona 48 dhaabuushee eeraniiru. Sagantaan ashaaraa magariisaa naannawa eeguurra darbee bakkeewwan miidhaman akka bayyanatan, wabii nyaataa fi carraa hojii uumuuf carraa guddaa uumuusaa eeraniiru. Itiyoophiyaan misooma jallisii rakkoo jjjiirama haala qilleensaan walsime hojjechuun oomisha Qamadiin jijjiirama olaanaa fiduushee ibsaniiru. Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi tibbana eebbifamu anniisaa haaromfamu meegaa waattii kuma shan caalaa maddisiisuunItiyoophiyaa fi riijinicha fayyadamoo anniisaa akka taasisu ministirri muummee dubbataniiru. Itiyoophiyaan yaa’ii jijjiirama haala qilleensaa dhaabbata mootummoota gamtoomanii keessummeessuu akka barbaaddus eeraniiru.
Afriikaan ardii galmoonni haala qilleensaa ittimilkaa’an gochuun addunyaaf agarsiisuu qabna-Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Sep 8, 2025 317
Qaammee 3/2017(TOI)- Afriikaan ardii galmoonni haala qilleensaa ittimilkaa’an gochuun addunyaaf agarsiisuu qabna jedhan Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ergaa fuula marsariitiisaaniirratti barreessaniin, Bosona deebisanii misoomsuun pirojektii yaalii osoo hinta’iin aadaa ta’uusaa ibsaniiru. Qonni ammayyaa miiliyoonota kan sooruu fi magaalaawwanii fi naannawoota baadiyyaa misooma kooriidaraa magariisaa walsimsiisuun fayyadama dinagee waloo kan taasisudha jedhaniiru.
Yaa’iin haala qilleensaa Afriikaa 2ffaan har’a eegalama
Sep 8, 2025 261
Qaammee 3/2017(TOI)-Yaa’iin jijjiirama haala qilleensaa Afriikaa lammaffaan har’a irraa eegalee guyyoota sadiif Finfinneetti nitaa’ama. Yaa’iin kun mata duree “furmaatilee haala qilleensaa idil addunyaa saffisiisuu, misooma magariisaa Afriikaa faayinaansiin deeggaruu” jedhuun har’arraa eegalee guyyoota sadiif Finfinneetti gaggeeffama. Yaa’ii muummeen dura dura guyyoota muraasa darban haaldureewwan haala milakaa’aan gaggeeffamuusaanii fi yaadonni imaammataaf galtee ta’an kaafamuunsaanii ibsameera. Itiyoophiyaan rakkoo jijjiirama haala qilleensaa waloomaan ittisuun ejjennoo bu’aa caalaa fiduuf qabduu fi hojiilee hojjette yaa’iirratti nidhiheessiti. Furmaatilee naannawaa tarsiimoo haala qilleensaa ardii waliin walitti hidhuun haala danda’amurratti nimari’atama. Afriikaanonni jijjiirama haala qilleensaa ittisuuf kutannoon kan ittiin hojjetan “waliigalteen tumaa Finfinnee” yaa’ii kanarratti akka mirkanaa’u ni’eegama. Tattaaffii Afriikaan bulchiinsa haala qilleensaan bakka sirrii qabachuuf taasiftu kan gargaaran murteewwan akka darban ni’eegama. በHooggantoota biyyoota garagaraa dabalatee hirmaattonni kuma 25 caalan yaa’icharratti nihirmaatu.
Gabaasa addaa
Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifama
Dec 7, 2024 6242
Sadaasa 27/2017(TOI) - Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu Humni Elektiriikii Itoophiyaa beeksise. Har'a galgala kana tasgabbii dhabuu sistamaatiin rakkoo mudateen guutuu biyyattiitti humni elektirikii addaan citeera. Rakkoo kana hiikuufi humnicha deebisuuf buufatalee maddoota humnaafi raabsaatti tattaaffiin olaanaa taasifamaa jira. Rakkoo umame Humni Elektiriikii Itoophiyaa hiikee hanga bakkasaatti deebisutti obsaan akka nu eegdan kabajaan gaafachaa, odeeffannoowwan jiran hatattaamaan kan isiniin biraan geenyu ta'a jechuun Tajaajilli Elektiriikii Itoophiy karaa miidiyaa hawaasummaa isaa beeksiseera.
Hoggantoonni hojii bulchiinsa magaalaa Finfinnee balaa Ibiddaa Markaatoo naannaawwa Shammaa taraa jedhamutti mudateen miidhaa qaqqabe daawwata.
Oct 22, 2024 5361
Onkoloolessa 12/2017(TOI) - Hoggantoonni hojii bulchiinsa magaalaa Finfinnee balaa Ibiddaa Markaatoo naannaawwa Shammaa taraa jedhamutti mudateen miidhaa qabeenyarra gahee bakkatti argamuun ilaalaniiru. Paartii Badhaadhinaatti hogganaan damee wajjira Finfinnee obbo Mogas Baalchaa wayita kana akka himanitti; gamoo balaan ibiddaa irratti mudatee qaama isaa gar tokko balaa kanarraa baraaruun danda'ameera. Kutaaleen hawaasaa fi qaamoleen nageenyaa karaa qindaa'een balaa kana to'achuu fi balaan kun gara biraatti akka hin babal'anneef hojii hojjetaniif galateeffataniiru. Bulchiinsi magaalichaa balaa ibiddaa mudate kanaan kanneen miidhaman deebisee dhaabuuf xiyyeeffannoon akka hojjetu obbo Mogos Baalchaa ibsuu isaanii Odeeffannoon Waajjira Kantiibaarra argame ni mul'isa.