Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Misooma Qamadii jallisii bonaa bara 2019 milkeessuuf sirna bishaan Jallisii cimsuun dhiyeessii bishaanii murteessaa ta’uu ibsame
Oct 22, 2026 69
Onkoloolessa 12/2019 (ENA)-Misooma Qamadii jallisii bonaa bara 2019 milkeessuuf sirna bishaan Jallisii cimsuu fi hanqinoota dhiyeessii bishaanii furuun murteessaa ta’uun ibsame.‎ Koreen olaanaa fi teeknikaa misooma Qamadii bonaa naannoo Oromiyaa, galma misooma qamadii jallisii Bonaa bara 2019 milkeessuuf haala hojiiwwan barbaachisan qindoominaan raawwachuun danda’amurratti, galma biiroo qonnaa Oromiyaatti marii taasiseera. ‎ Hoogganaan Biiroo Jallisii fi horsiisee bulaa Oromiyaa Injinar Girmaa Raggaasaa wayita kanatti kaanaalota jallisii suphuun, paampiiwwan hojii ala jiran deebisanii hojii keessa galchuun, akkasumas teeknooloojiiwwan bishaan qusatan hojiirra oolchuun murteessaa ta’uu hubachiisan. Misooma qamadii jallisii Bonaa keessatti oomishtummaa guddisuuf bishaan jallisii yeroo barbaachisaa ta’etti amma barbaachisu qonnaan bultoota biraan gahuun murteessaa ta’uu dabalanii ibsaniiru. ‎Hoogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Tashoomaa Boggaalaa gamasaaniin, bara kana Qamadii jallisii bonaan lafa hektaara miliyoona 4 caalu misoomsuun oomisha kuntaala miliyoona 168 tuqaa 3 galchuuf karoorfamee hojjetamaa jira. Karoora kana milkeessuuf qooda fudhattoonni hundi gahee isaanii bahachuun, deeggarsa galteewwanii fi ogummaa barbaachisu yeroon dhiyeessuun xiyyeeffannoo argachuu akka qabus dubbataniiru. ‎‎Hanqinoota dhiyeessii bishaanii fi itti fayyadama sirna jallisii keessatti mul’atan saffisaan furuun, kaanaalota jallisii suphuun, paampiiwwan jiran hojii irra oolchuun, akkasumas teeknooloojiiwwan itti fayyadama bishaanii fooyyessan hojiirra oolchuun karoora misooma qamadii jallisii Bonaa milkeessuuf murteessaa ta’uu dhaamaniiru. ‎Marii kanarrattis, misooma qamadii jallisii Bonaa bara 2019f karoorfame milkeessuuf dhiyeessii galteewwanii, qophii lafaa, bishaan jallisii fi deeggarsa ogummaa wal-simsiisuun hojjechuun barbaachisaa ta’uun irratti xiyyeeffatameera. ‎‎Karoora misooma qamadii jallisii Bonaa milkeessuun oomishaa fi oomishtummaa qonnaa guddisuu, qonnaan bultootaaf carraa oomishtummaa fooyya’aa uumuu fi qabeenya bishaanii jiru bu’a qabeessa taasisuuf caasaaleen misooma jallisii sadarkaa sadarkaan jiran qindoominaan hojjechuun murteessaa ta’uun ibsameera.  
Manni maree bakka bu’oota ummataa komishinaroota komishinii marii biyyaalessaa Itiyoophiyaaf sagantaa beekamtii fi galateeffannaa gaggeessaa jira
Oct 22, 2026 134
#Biyya guddoo#ummata guddaa#mul’ata guddaa Onkoloolessa 12/2019 (ENA) - Manni maree bakka bu’oota ummataa sagantaa beekamtii fi galateeffannaa komishinaroota komishinii marii biyyaalessaa Itiyoophiyaaf qoheesse gaggeessaa jira. Af-yaa’iin mana maree bakka bu’oota ummataa obbo Ahimad Shdee, mana marichaatti ministirri bakka bu’aan mootummaa Fiqaaduu Tasammaa, miseensonni mana marichaa, komishinaroota komishinii marii biyyaalessaa dabalatee keessummoonni waamaman argamaniiru. Komishiniin marii biyyaalessaa hayyoota, paatilee siyaasaa, waldaalee ogummaa, bakka bu’oota ummataa, Itiyoophiyoota biyya alaa jiraatanii fi dhalootaan Itiyoophiyaa dabalatee karaa hirmaachisaa ta’een mariilee bal’aa gochuun hojii ajandaa fo’achuu hojjeteera. Haala Kanaan ajandaawwan ijoo saddet irratti mari’attoota kuma afur kan hirmaachise yaa’iin marii biyyaalessaa gaggeeffamee milkaa’inaan xumurameera. Komishinichi marii Kanaan yaadota 394 kan fo’e, yaadota kanneenis mana maree bakka bu’oota ummataaf kenneera. Waltajjiin manni maree qopheessee fi komishinaroonni marii biyyaalessaa mariachi bu’a qabeessa akka ta’u nagaa fi tokkummaan akka cimu beekamtii kennu gaggeeffamaa jira. Waltajjiin manni marichaa har’a qopheesse kun komishinaroonni komishinii marii biyyaalessaa adeemsa marii biyyaalessaaf shoora bahatanii fi nagaa fi tokkummaan akka cimu beekamtii kan kennudha.
Milkaa’inoonni Itiyoophiyaan dippilomaasii fi misooma hunda galeessaan galmeessifte guddummaa biyyattii kan agarsiisanidha
Oct 22, 2026 139
Onkoloolessa 12/2019 (ENA) - Milkaa’inoonni Itiyoophiyaan dippilomaasii fi misooma hunda galeessaan galmeessifte guddummaa biyyattii kan agarsiisan ta’uu hogganaan waajjira ministira dhimma alaa FDRI obbo Adam Tasfaayee ibsan. Mariin imaammataa kolleejiin ittisaa biyyaalessaa Itiyoophyaa fi inistiitiyuutiin dhimma alaa walii ta’uun mata duree “gamtaa moo gantummaa? Cimdoominni farra Itiyoophiyummaa eessaa garamitti? Jedhuun qopheessan gaggeeffameera. Hogganaan waajjira ministira dhimma alaa FDRI obbo Adam Tasfaayee wayita kana akka jedhanitti, Itiyoophiyaan waggoottan jijjiiramaa darban hojiilee misoomaa biyya keessatti hojjetteen dinagdeeshee guddisuun damee dippilomaasiitiin dandeettii fi milkaa’ina fooyya’aa gabbifatteetti. Keessumaa hojiileen gama Inarjii, qonnaa, wabii nyaataa, misooma dinagdee fi dijitaalaayizeeshiniin hojjetaman dandeettii biyyattii guddisuurra darbanii shoora hariiroowwan naannolee fi idil addunyaan shoora qabdu cimsaa akka jiran ibsaniiru. Hojiileen gama Inarjiin hojjetaman dhiheessiin anniisaan biyyoota ollaatti akka babal’atu gochuun walitti hidhaminsa dinagdee fi fayyadama waloo cimsuuf gumaacha taasisaa akka jiraneeraniiru. Itiyoophiyaan misooma kooridaraa fi ijaarsa magaalaa ammayyaatiin bakka turizimii fi konfaransii ta’uushee cimsuuf humna olaanaa akka qabdu himaniiru. Gaaffiin hulaa galaanaa argachuuf itti jirtu qajeeltoo karaa nagaa, fayyadama waloo fi walii galteerratti hundaa’ee deebii akka argatu mootummaan kutannoon hojjechaa akka jiru dubbataniiru.
Kan mul'ate

Guyyaan sabootaa Sab-lammotaa fi ummattootaa tokkummaa sabdaneessummaa fi walooma cimsuuf shoora guddaa qaba
Oct 22, 2026 98
Onkoloolessa 12/2019 (ENA)- Guyyaan sabootaa Sab-lammotaa fi ummattootaa daneessummaa ummattootaa fi duudhaalee waloo gabbisuun tokkummaa sabdaneessummaa fi ijaarsa mootummaa biyyaalessaa cimsuuf shoora guddaa akka qabaatu itti aanaan af-yaa’ii mana maree federeeshinii Dastaa Leedaamoo ibsan. Af-yaa’onni maneen maree federaalaa fi naannoo ayyaanni guyyaa sabootaa sab-lammootaa fi ummattootaa bakka itti kabajamu magaalaa Jimmaatti argamuun qophiilee ayyaanichaaf taasifamaa jiru gamaaggamaniiru. Itti aanaan af-yaa’ii mana maree federeeshinii obbo Dastaa Leedaamoo wayita kana akka jedhanitti, guyyaan sabootaa, san-lammootaa fi ummattootaa daneessummaa, wal kabajaa fi duudhaalee waloo ummattootaa gabbisuun tokkummaa sab daneessummaa cimsa. Ayyaanni kun kabajamuunsaa Itiyoophiyaa cimtuu wal qixxummaa fi nageenyi waaraan keessatti bu’e ijaaruu fi ijaarsa mootummaa biyyaalessaa taasifamaa jiru keessatti shoora guddaa bahata jedhaniiru. Ayyaanichi duudhaaleen sabootaa sab-lammootaa fi ummattootaa cimsuun olitti Itiyoophiyaanonni qormaata waloomaan isaanirra gahu cehuun ijaarsa biyyaa akka cimsan ni gargaara jedhaniiru. Daawwannaa kanarratti kan argaman af-yaa’iin mana maree naannoo Beeniishaangul Gumuz adde Askaalech Albooroo gamasaaniin ayyaanichi daneessummaa cimsuun walooma guddisuuf, akkasumas walitti hidhamiinsa ummattootaa cimsuuf kan dandeessisudha jedhaniiru. Ayyaanichi magaalaa Jimmaatti kabajamuunsaa qabeenya turizimii magaalattiin qabdu beeksisuuf akka gargaaru fubbataniiru. Sadarkaa itti aanaa pirezidaantiitti bulchaan godina kibba lixaa Oromiyaa Dr. Rashaad Kamaal gamasaaniin, guyyaan sabootaa, sab-lammootaa fi ummattootaa ayyaana walitti hidhamiinsa Itiyoophiyaanotaati jedhan. Keessumaa yeroo caaseffamni haaraan naannoo Oromiyaatti gaggeeffametti kabajamuunsaa naannawichaaf carraa guddaa ta’uu eeraniiru.
Godinichatti qonna gannaa fi bonaan lafa heektaara miiliyoona 2.8 misoomaa jirurraa callaa kuntaala miiliyoona 130 ol argachuuf hojjatamaa jira
Oct 22, 2026 112
Onkoloolessa 12/2019 (ENA) Godina Giddu Galeessa Oromiyaatti qonna gannaa fi bonaan lafa heektaara miiliyoona 2.8 misoomaa jirurraa callaa kuntaala miiliyoona 130 ol argachuuf hojjatamaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa godinichaa beeksise. Mootummaan naannichaa jiruu fi jireenya ummataa diinagdeen fooyyessuuf inisheetiviiwwan qonnaa wabii nyaataa milkeessuuf oolan garagaraa hojirra oolchuun hojii hojjachaa jiruun jijjiramootni qabatamaan argamaa jiru. ittaanaa Bulchaa fi ittigaafatamaan Daamee Misoomaa Godina Giddu Galeessa Oromiyaa Obbo Abbaabbuu Waaqoo Mootummaan Paartii badhaadhinaan hogganamuu dinagdee qonnaa ammayyeessuu cinatti inisheetiiviwwan qonnaa jiruuf jireenya uummata fooyyessan hojirra oolchuun hojii hojjachaa jiruun jijjiramootni qabatamaan argamaa jiraachuu himaniiru. Inisheetiviiwwan qonnaa akka godinichaatti hojirra ooluun hojjatamaa jiran kunneenis wabii nyaataa milkeessurra darbuun carraa hojii uumuu fi alergiif oolaa jiraachuu kan himan Obbo Abbaabbuun yeroo ammaas aanaalee godinichaatti oomishni qonna gannaan misoomaa ture makaanaayzeshiniitti fayyadamuun sassaabamaa jiraachuus eeraniiru. Ittigaafatamaan Waajjira Qonnaa godinichaa Obbo Masfin Tashoomaa akka godinichaatti oomishaafi oomishtummaa dabaluuf hojii hojjatamaa jiruun bara kana qonna gannaa fi bonaan lafti heektaara miiliyoona 2.8 midhaan akaakuu garagaraan uwwifamee misoomaa jirurraa callaa kuntaala miiliyoona 130 ol argachuuf hojjatamaa jiraachuu ibsaniiru Aanaa Booraa fi Dugdaatti qamadiin qonna gannaan kilaasteran misoomaa ture makaanaayzeshiniitti gargaaramuun bakka hoggansi godinaafi aanaalee argamanitti sassaabbiin eegalameera. Koomunikeeshinii Godina gidduu gaaleessaa irraa

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa

Ayyaanni Sabaafi Sablammootaa naannoo Oromiyaatti qophaa'u ,guddummaan Itiyoophiyaa kan keessatti calaqqisuu jedhanAfa-yaa'ii Caffee Oromiyaa Abdusalaam Waariyoo
Oct 22, 2026 110
Onkoloolessa 12/2019 (ENA) Ayyaanni Sabaafi Sab-lammootaa naannoo Oromiyaatti qophaa'u ,guddummaan Itiyoophiyaa kan keessatti calaqqisuu jechuun ,Afa-yaa'iin Caffee Oromiyaa Abdusalaam Waariyoo ibsaniiru. Ayyaana Sabaafi Sablammootaa fi Uummattoota Itoophiyaa Marsaa 21ffaa Naannoo Oromiyaa, Magaalaa Jimmaatti kabajamuuf qophaa'aa jiru Afa- yaa'iiwwan naannoolee fi Ittiaanaa Af-yaa’ii Mana Maree Federeeshinii Obbo Dastaa Leedaamoon daawwatame.   Sadarkaa Itti Aanaa Pirezidaantii naannoo oromiyaatti Bulchaan Godina Kibba Lixaa Oromiyaa, Doktar Rashaad Kamaal fi Kantiibaan Magaalaa Jimmaa Obbo Xahaa Qamaar hojiiwwan Ayyaana sabaa fi Sablammootaa simachuuf hojjetamaa jiru daawwachiisaniiru. Sadarkaa Itti Aanaa Pirezidaantii naannoo oromiyaatti Bulchaan Godina Kibba Lixaa Oromiyaa, Doktar Rashaad Kamaal, Ayyaana sabaa fi Sablammootaa marsaa 21ffaa milkeessuuf hojiin gaggaariin hojjetamaa jiraa jedhaniiru. Afa-yaa’iin Caffee Oromiyaa Obbo Abdusalaam WaariyooAyyaanni Sabaa fi Sablammootaa naannoo Oromiyaatti qophaa'u ,guddummaan Itiyoophiyaa kan keessatti calaqqisuu jedhan. Ittiaanaa Af-yaa’ii Mana Maree Federeeshinii Obbo Dastaa Leedaamoon, Ayyaanni sabaa fi Sablammoota bara kana kabajamu yeroo Itoophiyaan injifannoo gama hundaan itti gonfachaa jirtuu jedhan. Qophiin dursaa Ayyaana sabaafi Sablammootaa kabajuuf hojjetamaa jirus gaarii ta'uu ibsan.    
Mariin biyyaalessaa Mootummaa fi uummata gidduutti sirna siyaasaa haaraa diriirsuuf bu'uura gaarii kaa'eera - Pirofeesar Masfin Ar'aayaa
Oct 22, 2026 149
  Onkoloolessa 12/2019 (ENA) Mariin biyyaalessaa mootummaa fi uummata gidduutti sirna siyaasaa haaraa diriirsuuf kan dandeessisu bu'uura kan kaa'e ta'uu Komishineerri Ol'aanaan Koomishinii Marii Biyyaalessaa Pirofeeseer Masfin Ar'aayaa ibsan.   Koomishinichi xumura bara hojii isaa ilaalchisee miidiyaaleef ibsa kenneera. Komishineerri Ol'aanaan Komishinii Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa Pirofeeser Masfin Ar'aayaa wayita sana akka jedhanitti, komishinichi kaayyoolee gurguddoo hundeefameef galmaan gahuudhaan itti gaafatamummaa hojii isaaf kenname milkaa’inaan xumureera.   Komishinichi fedhii uummataa bu'uureffachuudhaan adeemsa marii bal'aa gaggeessaa turuusaa duubataniiru. Adeemsichis amanamummaa kan qabu, hirmaachisaa fi qajeeltoowwan hammattoo eegee kan gaggeeffame ta’uu isaa fi ergama itti kenname ga’umsaan bahachuu isaa addeessaniiru. Yaa’iin marii biyyaalessaa hirmaattota kuma4 hirmaachise gaggeessuun yaada furmaataa walitti qabaman 394 ifaoomsuusaa ibsaniiru.   Mariin biyyaalessaa qajeeltoowwan amanamummaa, hirmaachisummaa fi hammattoomaa hordofuun gaggeeffamuu kan eeran Koomishineerri Ol'aanyaan, garaagarummaa irratti mari'achuu eegaluun bu'aa guddaa ta'uu isaa dubbataniiru. Marii biyyaalessaa kanaan ijaarsa biyyaa fi guddina sirna diimokraasiitiif bu'uura kan ta'an yaadota furmaataa dhiyaachuu isaanii ibsaniiru. Adeemsichi mootummaa fi uummata gidduutti sirna siyaasaa haaraa diriirsuuf bu'uura kan kaa'e ta'uu isaas dubbataniiru. Milkaa'ina marii kanaatiif qaamolee qooda fudhattootaa gumaacha taasisan hundaa galateeffachuudhaan, ji'oota muraasa keessattis hojiin yaadota furmaataa mala dijitaalaatiin ragaatiin galmeessuu fi dabarsanii kennuu kan raawwatamu ta'uu beeksisaniiru.  
Shoorri tarsiimawaa fi dhiibbaan Itiyoophiyaan gaanfa Afriikaatti qabdu gubddachaa jira-Doktar Abdulwaasaa Abdullaahii
Oct 22, 2026 131
Onkoloolessa 12/2019 (ENA)- Shoorri tarsiimawaa fi dhiibbaan Itiyoophiyaan gaanfa Afriikaatti qabdu guddachaa dhufuusaa daarektarri olaanaa inistiitiyuutii dhimma alaa Itiyoophiyaa doktar Abdulwaasaa Abdullaahii ibsan. Biyya guddoo, ummata guddaa, mul’ata guddaa Mariin imaammataa kolleejiin ittisaa biyyaalessaa Itiyoophyaa fi inistiitiyuutiin dhimma alaa walii ta’uun mata duree “gamtaa moo gantummaa? Cimdoominni farra Itiyoophiyummaa eessaa garamitti? Jedhuun qopheessan gaggeeffamaa jira. Daarektarri olaanaa dhimma alaa Itiyoophiyaa Dr. Abdulwaasaa Abdullaahii wayita kana akka jedhanitti, Itiyoophiyaan shoora tarsiimawaa naannichatti qabdu cimsachaa akka jirtu kaasaniiru. Kana itti fufsiisuuf tokkummaa biyya keessaa faayidaa waloon, wal kabajaa fi mul’ata biyyaalessaa fulla’aa irratti hundeessuun akka barbaahisu hubachiisaniiru. Garaagarummaa biyya keessaa karaa nagaa, siyaasaa fi demokiraatawaa furuun akka barbaachisu eeraniiru. Rakkoolee biyya keessaa furuuf humnoota alaan ykn waraana bakka bu’ummaa irratti hirkachuun faayidaa biyyaa akka hin eegsifne ibsaniiru. Itiyoophiyaan fayidaashee hulaa galaanaa eegsisuuf biyyoota ollaa waliin qajeeltoo mariin, walii galtee fi fayyadama waloo irratti hundaa’uun hojjechaa akka jirtu ibsaniiru. Hojiiwwan ijaarsa hidha haaromsaa guddichaa Itiyoophiyaa fi qonnaan, bu’ura misoomaan, misooma magaalaa fi dameelee teeknooloojiin hojjetaman bu’aalee tattaaffii biyyaalessaa waloo ta’uusaanii ibsaniiru. Bu’aalee kana itti fufsiisuun dandeettii tarsiimawaa biyyattiif murteessaa ta’uu dubbataniiru. Hogganaan biiroo inispeektar jeneraalii ittisaa Letenaal Jeneraal Dassaalanyi Tashoomaa gamasaaniin, waltajjichi itti fufiinsa faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa, birmadummaa, shoora naannichaa fi itti fufiinsa tarsiimawaa biyyattii ilaalchisee marii imaammataa taasisuuf kan akeekame ta’uu ibsaniiru. Dandeettii Itiyoophiyaan gama tarsiimawaa, ji’oo siyaasaa fidinagdeen qabdu cimsuu fi dhiibbaa naannicharratti qabdu guddisuuf hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru. Biyyattii gufuuwwan seenaa keessaa fi dhiibbaawwan ji’oo siyaasaa alaan wal qabatanii ka’an ilaalcha tarsiimawaan qolachuun akka barbaachisu eeraniiru. Keessumaa Itiyoophiyaan galaana diimaa dhabuushee dandeettii tarsiimawaa biyyattii irratti dhiibbaa geessisan gadi fageenyaan qorachuun akka barbaachisu hubachiisaniiru. Ajajaan olaanaa kolleejii ittisaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa Birgaadiyeer Jeneraal Xilahun Damisee gamasaaniin, baandaawwan biyya keessaa humnoota alaa waliin ta’uun rakkoo uumuuf tattaaffii taasifaman tokkummaa biyyaa fi tasgabbii naannichaaf balaa akka danqan eeraniiru. Ijaarsa mootummaa Itiyoophiyaa fi dandeettii tarsiimawaa cimsuuf wal kabaja waloo fi furmaattota fulla’aa barbaaduun akka barbaachisu hubachiisaniiru. Haalonni ji’oo siyaasaa naannawaa, deebii tarsiimawaa Itiyoophiyaa, muddama Itiyoo-Ertiraa fi haala nageenyaa ilaallatan irratti mariin akka barbaachisu ibsaniiru.
Humna Addaa Raayyaa Ittisa Itoophiyaa: Gaachana Birmadummaa fi Utubaa Biyyaa
Oct 22, 2026 194
Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa seenaa dheeraa fi boonsaa birmadummaa biyyaa eegsisuu keessatti qaba. Seenaa fi Gootummaa kana keessatti immoo, Gareen Humna Addaa gahee addaa fi murteessaa ta’e taphata. Humni addaa kun humna waraanaa idilee irraa adda ta’ee leenjii ol'aanaa, qophii sammuu fi qaamaa cimaa, akkasumas meeshaalee fi tooftaalee ammayyaatiin kan guutamedha. Haala rakkisaa fi ulfaataa ta’e keessatti ergama sodaachisaa ta'e kamiyyuu galmaan geessisuuf kan leenjifaman miseensonni humna kanaa, eegumsa biyyaa fi nageenya ummataatiif akka gaachanaafi abdii biyyaatti ilaalamu. Humni Addaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa kaayyoo sodaawwan ammayyaa fi aggaammiiwwan birmadummaa biyyaa irratti aadaa deebii ariifachiisaa fi bu'a qabeessa ta’e kennuuf ijaaramedha. Seenaa keessatti, teessuma lafaa Itoophiyaa isa gaarreen dhedheeroo, bosonaa fi gammoojjota ho'a garmalee qaban irratti leenjiin isaanii kan hundaa'e dha. Waraana idileetiin ala, lola shororkeessummaa ittisuu fi ergamoota eegumsa ol'aanaa barbaadan irratti qophaawuudhaan seenaa injifannoo boonsaa galmeessaa dhufaniiru. Jabinnii fi gahumsi Humna Addaa Raayyaa Ittisa Biyyaa leenjii haalawwan garmalee ulfaatoo ta'an keessatti kennamuufi miira addaa jaalala biyyaa irraa madda. Miseensonni humna addaa leenjii dandamannaa qaamaa fi sammuu dandeettii isaanii isa dhumaa fudhatu. Haala rakkisaa keessatti socho'anii ergama galmaan gahuu danda'u. Lola magaalaa keessaa, lola gaarreenii fi bosonaa, akkasumas lola shororkeessummaa ittisuu irratti dandeettii ol'aanaa fi saffisa addaa qabu. Meeshaalee leensii halkan keessa agarsiisuu dandeessisan, meeshaalee sab-quunnamtii dhoksaa,meeshaalee ammayyaa fi meeshaalee xiyyeeffannoo ol'aanaa qabanitti fayyadamanii diina irratti tasa tarkaanfii fudhachuuf gahumsa olaanaa qabu. Gootummaan humna kanaa waan dubbatamu qofa osoo hin taane, taateewwan seenaa keessatti aarsaa kaffalaniin kan mirkanaa'e dha. Lola sodaachisaa fi iddoo waraanni idilee salphatti seenuu hin dandeenyetti, miseensonni humna addaa kutannoo fi sodaa tokko malee dura hiriiruun humnoota biyya diiguuf socho’an irratti tarkaanfii keessa deebii hin qabne fudhatu. Murannoon isaanii fi amanamummaan isaan qaban, diina saaxiluu fi daangaa biyyaa eeguu keessatti gootummaa seenaan yaadatu isaan gonfachiiseera. Gaachana biyyaafi ummataa ta’uun saba ofii tiksu. Yeroo hedduu biyya baraaraniiru ammas baraaraa jiru. Injifannoon Humna Addaa Itoophiyaa daangaa biyyaa qofa irratti kan daangeffame miti. Lola Shororkeessummaa Baha Afrikaa Ittisuu fi Qolachuu Keessatti, keessattuu duula al-Shabaab irratti taasifame keessatti gahee murteessaa taphatanii nageenya Baha Afrikaatiif gumaacha olaanaa taasisaniiru. Ergama Nagaa Eegsisuu Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi Gamtaa Afrikaa jalatti(UN & AU) Biyyoota akka Somaaliyaa, Sudaanii fi Sudaan Kibbaa keessatti ergama Gamtaa Afrikaa (AU) fi Mootummoota Gamtoomanii (UN) jalatti nagaa eegsisuudhaan addunyaa irratti maqaa fi kabaja guddaa Itoophiyaaf gonfachiisuu danda'aniiru. Walumaagalatti, Gareen Humna Addaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa Utubaa Gootummaa, Gaachana Birmadummaa fi kabaja Biyyaati. Leenjii cimaa, teeknoolojii fi tooftaalee ammayyaatti fayyadamanii ergama isaaniif kennamu kamuu amanamummaa fi gahumsaa ol'aanaadhaan galmaan gahu. Gootummaa fi aarsaa isaan kaffalanis seenaa Raayyaa Ittisaa Biyyattii keessatti bakka olaanaa fi kabaja guddaa qabaata.   #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa Miseensa Maatii Miidiyaa Dijiitaalaa ENA ta’aa https://www.ena.et/web/links

Hawaasummaa
Guyyaan sabootaa Sab-lammotaa fi ummattootaa tokkummaa sabdaneessummaa fi walooma cimsuuf shoora guddaa qaba
Oct 22, 2026 98
Onkoloolessa 12/2019 (ENA)- Guyyaan sabootaa Sab-lammotaa fi ummattootaa daneessummaa ummattootaa fi duudhaalee waloo gabbisuun tokkummaa sabdaneessummaa fi ijaarsa mootummaa biyyaalessaa cimsuuf shoora guddaa akka qabaatu itti aanaan af-yaa’ii mana maree federeeshinii Dastaa Leedaamoo ibsan. Af-yaa’onni maneen maree federaalaa fi naannoo ayyaanni guyyaa sabootaa sab-lammootaa fi ummattootaa bakka itti kabajamu magaalaa Jimmaatti argamuun qophiilee ayyaanichaaf taasifamaa jiru gamaaggamaniiru. Itti aanaan af-yaa’ii mana maree federeeshinii obbo Dastaa Leedaamoo wayita kana akka jedhanitti, guyyaan sabootaa, san-lammootaa fi ummattootaa daneessummaa, wal kabajaa fi duudhaalee waloo ummattootaa gabbisuun tokkummaa sab daneessummaa cimsa. Ayyaanni kun kabajamuunsaa Itiyoophiyaa cimtuu wal qixxummaa fi nageenyi waaraan keessatti bu’e ijaaruu fi ijaarsa mootummaa biyyaalessaa taasifamaa jiru keessatti shoora guddaa bahata jedhaniiru. Ayyaanichi duudhaaleen sabootaa sab-lammootaa fi ummattootaa cimsuun olitti Itiyoophiyaanonni qormaata waloomaan isaanirra gahu cehuun ijaarsa biyyaa akka cimsan ni gargaara jedhaniiru. Daawwannaa kanarratti kan argaman af-yaa’iin mana maree naannoo Beeniishaangul Gumuz adde Askaalech Albooroo gamasaaniin ayyaanichi daneessummaa cimsuun walooma guddisuuf, akkasumas walitti hidhamiinsa ummattootaa cimsuuf kan dandeessisudha jedhaniiru. Ayyaanichi magaalaa Jimmaatti kabajamuunsaa qabeenya turizimii magaalattiin qabdu beeksisuuf akka gargaaru fubbataniiru. Sadarkaa itti aanaa pirezidaantiitti bulchaan godina kibba lixaa Oromiyaa Dr. Rashaad Kamaal gamasaaniin, guyyaan sabootaa, sab-lammootaa fi ummattootaa ayyaana walitti hidhamiinsa Itiyoophiyaanotaati jedhan. Keessumaa yeroo caaseffamni haaraan naannoo Oromiyaatti gaggeeffametti kabajamuunsaa naannawichaaf carraa guddaa ta’uu eeraniiru.
Qulqullina Barnootaa mirkaneessuuf hirmannaa fi deeggarsi qoodafudhattootaa murteessaadha
Oct 21, 2026 281
Onkoloolessa 11/2019 (ENA) Hoijiileen qulqullina barnootaa mirkaneessuuf hojjetamaa jiran milkaa'ina akka argatanii fi itti fufinsa akka qabaataniif hirmaannaanii fi deeggarsi qooda fudhattoota hundaa murteessaa ta'uun ibsame. Godina Lixa oromiyaa Aanaa Laaloo Assaabiitti dhalataa Aanichaa kan ta’an Obbo Iskindir Abarraa dhaabbilee barnootaa naannichatti argamaniif deeggarsa meeshaalee adda addaa birrii miliyoona kudhan ta’u taasisaniiru. Deeggarsi taasifames meeshaa ijaarsaa suphaa mana barnootaaf ooluu fi kompiitaroota 50 meeshaa guutuu waliin taasisaniiru.   Sirna wal harakaa fuudhinsa deeggarsa kana irratti kan argaman Bulchaan Aanaa Laaloo Assaabii Obbo Fiqruu Mulaatuu akka jedhanitti; hojiileen qulqullina barnootaa mirkaneessuuf mootummaadhaan hojjetaman teeknoloojiidhaan akka deggeramaniif tumsi qaamolee hundaa barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. Cabinsa gama barnootaan mul'atan sirreessuuf tarkaanfiileen mootummaadhaan fudhataman jijjiirama gaarii fiduusaanii ibsuun; tattaaffiiwwan eegalaman itti fufinsa akka qabaataniif xiyyeeffannoodhaan ni hojjenna jedhaniiru. Aanichatti hojiileen qulqullina barnootaa mirkaneessuuf hojjetamaa jiran milkaa'ina akka argataniifii itti fufinsa akka qabaataniif hirmaannaan fi deeggarsi qaamolee hundaas murteessaa ta'uus Obbo Fiqruun dubbataniiru. Deeggarsa meeshaa barnootaa har'a taasifame irraa barnoota fudhachuun akka barbaachisu kan eeran Obbo Fiqruu; lammiin deeggarsa dandeettii isaatiin uummata isaatiif gochuudhaan gahee isaasaa akka ba'atu waamicha dhiyeessaniiru.   Deeggarsa kan taasisan Obbo Iskindir Abarraa gama isaaniitiin; hojiileen misoomaa fi jijjiirama biyyaalessaa galma isaanii akka dhaqqabaniif lammiin deeggarsa dandeettii isaatiin gargaarsaa gochuu qaba jedhaniiru. Qulqullina barnootaa irratti hanqinaalee mul'atan sirreessuuf tattaaffii taasifamu keessatti deeggarsi qooda-fudhattoota hundaas barbaachisaa ta'uu Obbo Iskindir ibsuun; deeggarsa taasisaniinis gammadoo ta'uu isaanii dubbataniiru
Diinagdee
Misooma Qamadii jallisii bonaa bara 2019 milkeessuuf sirna bishaan Jallisii cimsuun dhiyeessii bishaanii murteessaa ta’uu ibsame
Oct 22, 2026 69
Onkoloolessa 12/2019 (ENA)-Misooma Qamadii jallisii bonaa bara 2019 milkeessuuf sirna bishaan Jallisii cimsuu fi hanqinoota dhiyeessii bishaanii furuun murteessaa ta’uun ibsame.‎ Koreen olaanaa fi teeknikaa misooma Qamadii bonaa naannoo Oromiyaa, galma misooma qamadii jallisii Bonaa bara 2019 milkeessuuf haala hojiiwwan barbaachisan qindoominaan raawwachuun danda’amurratti, galma biiroo qonnaa Oromiyaatti marii taasiseera. ‎ Hoogganaan Biiroo Jallisii fi horsiisee bulaa Oromiyaa Injinar Girmaa Raggaasaa wayita kanatti kaanaalota jallisii suphuun, paampiiwwan hojii ala jiran deebisanii hojii keessa galchuun, akkasumas teeknooloojiiwwan bishaan qusatan hojiirra oolchuun murteessaa ta’uu hubachiisan. Misooma qamadii jallisii Bonaa keessatti oomishtummaa guddisuuf bishaan jallisii yeroo barbaachisaa ta’etti amma barbaachisu qonnaan bultoota biraan gahuun murteessaa ta’uu dabalanii ibsaniiru. ‎Hoogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Tashoomaa Boggaalaa gamasaaniin, bara kana Qamadii jallisii bonaan lafa hektaara miliyoona 4 caalu misoomsuun oomisha kuntaala miliyoona 168 tuqaa 3 galchuuf karoorfamee hojjetamaa jira. Karoora kana milkeessuuf qooda fudhattoonni hundi gahee isaanii bahachuun, deeggarsa galteewwanii fi ogummaa barbaachisu yeroon dhiyeessuun xiyyeeffannoo argachuu akka qabus dubbataniiru. ‎‎Hanqinoota dhiyeessii bishaanii fi itti fayyadama sirna jallisii keessatti mul’atan saffisaan furuun, kaanaalota jallisii suphuun, paampiiwwan jiran hojii irra oolchuun, akkasumas teeknooloojiiwwan itti fayyadama bishaanii fooyyessan hojiirra oolchuun karoora misooma qamadii jallisii Bonaa milkeessuuf murteessaa ta’uu dhaamaniiru. ‎Marii kanarrattis, misooma qamadii jallisii Bonaa bara 2019f karoorfame milkeessuuf dhiyeessii galteewwanii, qophii lafaa, bishaan jallisii fi deeggarsa ogummaa wal-simsiisuun hojjechuun barbaachisaa ta’uun irratti xiyyeeffatameera. ‎‎Karoora misooma qamadii jallisii Bonaa milkeessuun oomishaa fi oomishtummaa qonnaa guddisuu, qonnaan bultootaaf carraa oomishtummaa fooyya’aa uumuu fi qabeenya bishaanii jiru bu’a qabeessa taasisuuf caasaaleen misooma jallisii sadarkaa sadarkaan jiran qindoominaan hojjechuun murteessaa ta’uun ibsameera.  
Aanaa Xiyootti dhiheessiin sanyii filatamaa Qamadii bu’aa qabatamaa buusaa jira
Oct 22, 2026 105
Onkoloolessa 12/2019 (ENA) – Naannoo Oromiyaa godina kibba bahaa aanaa Xiyootti sanyiin filatamaa Qamadii baay’inaan qonnaan bultootaaf dhihaate bu’aa guddaa galmeessisuusaa waajjirri qonnaa aanichaa beeksise. Aanaan Xiyoo keessumaa oomisha Qamadiitiin wabii nyaataa biyyaalessaaf gumacha olaanaa taasisaa akka jira. Haalli qilleensaa mijataan, biyyoon gabbataa fi muuxannoon qonnaan bulaa omisha olaanaa argamaa jiruuf bu’ura ta’aniiru. Waajjira qonnaa aanichaatti itti gafatamaan adeemsa hojii misoomaa fi kunuunsa midhaanii obbo Zalaalam Shuumii ENA’f akka ibsanitti, midhaan garagaraa lafa heektaara kuma 23 irratti facaafame keessaa hektaarri kuma 19 fi 123 kilaastaraan, heektaarri kuma 15 ammoo Garbuu biiraan misoomeera. Sanyiiwwan Qamadii Malkaa fi Abbaayi jedhaman aanichatti bal’inaan hojiirra oolaa akka jiru ibsaniiru. Obbo Zalaalam akka jedhanitti, sanyii filatamaa, teknooloojii qonnaa ammayyaa fi deeggarsa ogeeyyiitiin midhaan kunuunfamaa jira. Waagii keelloo, mataa Qamadii kan gogsuu fi aramaa ittisuuf hojjetamaa jira jedhaniiru. Godina Kibba baha Oromiyaa aanaa Xiyoo jiraataan ganda Dhawataa Goosaa Namoo akka ibsanitti, kilaastaraan gurmaa’anii lafa heektaara 17 irratti sanyii qamadii filatamaa Abbaayi facaasaniiru. Heektaara tokkorraa Qamadii hkuntaala 50 akka abdatan ibsanii, sanyiin Qamadii kun ciidha xiqqoodhaan dafee kan qaqqabuu fi hongee kan damdamatu ta’uu eeraniiru. Jiddu gala qorqnnoo qonnaa Qulumsaatti qorataan sanyii obbo Hayiluu Mangistuu akka ibsanitti, jiddu galeessi kun sanyiiwwan Qamadii filatamaa Malkaa fi Abbaayi jedhaman qonnaan bulaa biraan gahaa jira. Sanyiiwwan kun hongee fi dhiibbaa Elniinoo kan damdamatan, dafanii kan gahanii fi heektaara tokkorraa oomisha kuntaala 45 amma 50 kan kennan ta’uu ibsaniiru.
Godinichatti qonna gannaa fi bonaan lafa heektaara miiliyoona 2.8 misoomaa jirurraa callaa kuntaala miiliyoona 130 ol argachuuf hojjatamaa jira
Oct 22, 2026 112
Onkoloolessa 12/2019 (ENA) Godina Giddu Galeessa Oromiyaatti qonna gannaa fi bonaan lafa heektaara miiliyoona 2.8 misoomaa jirurraa callaa kuntaala miiliyoona 130 ol argachuuf hojjatamaa jiraachuu Waajjirri Qonnaa godinichaa beeksise. Mootummaan naannichaa jiruu fi jireenya ummataa diinagdeen fooyyessuuf inisheetiviiwwan qonnaa wabii nyaataa milkeessuuf oolan garagaraa hojirra oolchuun hojii hojjachaa jiruun jijjiramootni qabatamaan argamaa jiru. ittaanaa Bulchaa fi ittigaafatamaan Daamee Misoomaa Godina Giddu Galeessa Oromiyaa Obbo Abbaabbuu Waaqoo Mootummaan Paartii badhaadhinaan hogganamuu dinagdee qonnaa ammayyeessuu cinatti inisheetiiviwwan qonnaa jiruuf jireenya uummata fooyyessan hojirra oolchuun hojii hojjachaa jiruun jijjiramootni qabatamaan argamaa jiraachuu himaniiru. Inisheetiviiwwan qonnaa akka godinichaatti hojirra ooluun hojjatamaa jiran kunneenis wabii nyaataa milkeessurra darbuun carraa hojii uumuu fi alergiif oolaa jiraachuu kan himan Obbo Abbaabbuun yeroo ammaas aanaalee godinichaatti oomishni qonna gannaan misoomaa ture makaanaayzeshiniitti fayyadamuun sassaabamaa jiraachuus eeraniiru. Ittigaafatamaan Waajjira Qonnaa godinichaa Obbo Masfin Tashoomaa akka godinichaatti oomishaafi oomishtummaa dabaluuf hojii hojjatamaa jiruun bara kana qonna gannaa fi bonaan lafti heektaara miiliyoona 2.8 midhaan akaakuu garagaraan uwwifamee misoomaa jirurraa callaa kuntaala miiliyoona 130 ol argachuuf hojjatamaa jiraachuu ibsaniiru Aanaa Booraa fi Dugdaatti qamadiin qonna gannaan kilaasteran misoomaa ture makaanaayzeshiniitti gargaaramuun bakka hoggansi godinaafi aanaalee argamanitti sassaabbiin eegalameera. Koomunikeeshinii Godina gidduu gaaleessaa irraa
Itiyoophiyaan sirna nyaataa itti fufiinsa qabuu fi fayya qabeessa ta’e ijaaruudhaan bu’aa qabatamaa galmeessiteetti
Oct 22, 2026 99
Onkololessa 12/2019 (ENA): Itiyoophiyaan sirna qonnaa itti fufiinsa qabu kan nyaata gatii madaalawaa fi fayya qabeessa ta’e dhiyeessuu, carraa hojii uumuu fi qabeenya uumamaa eegu ijaaruuf ciminaan hojjechaa jirti jedhan Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutii Tiraansifoormeeshinii Qonnaa Itiyoophiyaa Dr. Maandafiroo Nugusee. Guyyaan Nyaata Addunyaa bara 2026 mata duree “Har’a haa kalaqnu;Boru haa nyaachisnu” jedhuun Ministeera Qonnaa, Dhaabbata Nyaataa fi Qonnaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (FAO) fi Sagantaa Nyaata Addunyaa (WFP)tiin magaalaa Finfinneetti kabajameera.   Hoggantoonni mootummaa, miseensonni hawaasa dippilomaasii, michoota misoomaa, qorattoonni, qonnaan bultootaa fi horsiisee bultoonni akkasumas dargaggoonnii fi kalaqxoonni qonnaa saganticha irratti hirmaataniiru. Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutii Tiraanisfoormeeshinii Qonnaa Itiyoophiyaa Dr.Maandafiroo Nugusee dameen kun dinagdee biyyattiif gumaacha olaanaa taasisaa jira jedhan. Itiyoophiyaan damee qonnaatiin dabarsa teeknooloojii fi kalaqa saffisiisuuf ciminaan hojjechaa akka jirtu ibsaniiru. Jallisii babal’isuu fi makaanaayizeeshinii qonnaa saffisiisuu irratti haaromsa imaammata, sagantaa fi qophii dhaabbilee irratti xiyyeeffachuu ibsaniiru. Sirna gabaa fooyyessuu fi diinagdee baadiyyaa itti fufiinsa qabu ijaaruu irrattis hojii guddaa hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Qonnaan bultoonnii fi horsiisee bultoonni beekumsa mandhalee isaanii walitti makuun gochaalee haala qilleensaa mijatoo ta’an hojiirra oolchuu isaanii hubachiisaniiru. Itiyoophiyaatti Gargaaraan Bakka Bu’aa Dhaabbata Nyaataa fi Qonnaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (FAO) Doktar Warqachoo Jaateenoo mootummaan Itiyoophiyaa wabii nyaataa mirkaneessuu, diinagdee guddisuu fi hiyyummaa hir’isuuf tattaaffii qabatamaa taasisaa jiru galateeffataniiru. Dhaabbanni isaanii walta’iinsa Itiyoophiyaa waliin qabu cimsuun Bu’uura Sagantaa Biyyaa bara 2030 guutummaatti hojiirra akka oolchu ibsaniiru. Itiyoophiyaatti Daarektarri Sagantaa Nyaata Addunyaa Zilaataan Milisik, Itoophiyaan dargaggoota, qabeenya uumamaa fi beekumsa biyya keessaa fayyadamtee sirna nyaataa ishee jijjiiruuf carraaqqii milkaa’aa taasifte galateeffataniiru. Tarsiimoofi imaammattoonni biyyaalessaa gama kanaan mootummaan fudhate bu’uura cimaa akka kaa’an hubachiisaniiru.   Itiyoophiyaan jallisii babal’isuu, teeknooloojiiwwan dijitaalaa hojiirra oolchuu fi damichaa caalaatti dhaqqabamaa taasisuurratti hoggansa qabdu itti fufsiisuuf deeggarsa qindoominaa fi tumsi barbaachisaa ta’uu cimsanii dubbataniiru. #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa Miseensa Maatii Miidiyaa Dijiitaalaa ENA ta’aa https://www.ena.et/web/links
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Dhaabbanni qorannoo Qonna qulumsaa bu’aa qabeessummaa fi oomishtummaa qamadii dabaluuf qorannoo teekinooloojiin deeggarame gaggeessaa jira
Oct 20, 2026 628
Onkoloolessa 10/2019 (ENA) Dhaabbanni qorannoo Qonnaa Qulumsaa bu'aa qabeessummaa fi oomishtummaa qamadii mirkaneessuuf tattaaffii taasifamu teeknoolojiiwwan haaraa qorannoodhaan maddisiisuun deeggaraa akka jiru beeksise. Guyyaan Daawwannaan misooma qamadii biyyaalessaa Godina Baha Oromiyaa Aanaa Xiyyoo fi Giddu-gala Qorannoo Qulumsaatti gaggeeffameera. Daayirektarri Giddu-gala Qorannoo Qonnaa Qulumsaa Obbo Shimallis Alamaayyoo akka ibsanitti, giddu-galichi sanyii qamadii jalqabaa dhibbeentaa 80 ol ta’u lafa qorannoo isaa fi ooyruu qonnaan bultootaa irratti baay'isaa jira. Akka Obbo Shimallis jedhanitti, giddu-galichi sanyii baay’isuu malees, Sanyii qamadii ilbiisota oomishtummaa qamadii hir'isuu danda'an dandamachuu danda'an sanyii baay'isuu irratti hojjechaa jira.   Dabalataanis, sanyiiwwan qamadii hongee fi ho’a dandamachuun ooomisha gaarii kennan baay’isuudhaan qonnaan bultootaa fi horsiise bultootaaf bal'inaan geechisaa jiraachuu eeranii; kanaafis qamadii jallisii bonaa fi sanyiiwwan qamadii naannoo gammoojjii giddu-gala kana irraa qorannoodhaan kan bahan ta’uu ibsaniiru. Kaniinis, biyya keenyatti oomishtummaa qamadii dabaluu irratti shoora olaanaa taphachaa akka jiran ibsuun sanyii qamadii ka’umsaa kuntaala kuma shanii ol baay'isuun waggaa waggaadhaan dhaabbilee oomishtootaa fi fayyadamtootaaf dhiyeessaa jiraachuu ibsaaniiru. Keessattuu dandeettia ogeessota qamadii cimsuu irratti hojjechaa akka jiran kan ibsan Obbo Shimallis, kanaafis hojiiwwan hedduun raawwatamaa jiraachuu eeraniiru. Bu’aa oomishtummaa fi qorannoo qamadii irratti dhufeef kutannoon mootummaa fi hordoffiin akkasumas deeggarsi hoggansaa itti fufinsa qabu shoora guddaa qabaachuu ibsaniiru. Inistitiyuutii Qorannoo Qonnaa Itoophiyaatti Daayirektarri bakka bu’aan daarektara Misooma Misooma midhaanii Dr.Fiqaaduu Gurmuu akka ibsanitti, inistitiyuutichi misooma qamadii irratti teeknoolojiiwwan haaraa hojii irratti akka oolan qooda fudhattootaaf dhaqqabsiisuun omishtummaa irratti jijiiramni qabatamaan akka dhufu qooda isaa bahachaa jiraachuu dubbataniiru. Keessattuu jallisii bonaa fi naannoolee gammoojjii biyyattii keessatti qamadiin jallisiidhaan bal'inaan akka oomishamu gochuun oomisha qamadiitiin of danda'uu keenya irratti shoora guddaa taphachaa akka jiran ibsaniiru. Teeknoolojii maddisiisuu fi babal'isuun, keessattuu sanyiiwwan qamadii jalqabaa bal'inaan baay'isuu fi gahaa gochuudhaan guddina oomishtummaa qamadii irratti bu’aa qabatamaan akka dhufu gumaacha bahaa jiru caalaatti cimsuudhaaf kaayyeffatee guyyaan daawwannaa biyyaalessaa gaggeeffamuu eeraniiru. Itti dabaluudhaanis, dhaabbileen qorannoo, yunivarsiitiiwwanii fi qooda fudhattoonni hedduun shoora guddaa qabaachuu isaanii ibsaniiru. Daawwannaa kana irratti hoggantoonni damichaa, qorattoonni, bakka bu'oota Yunivarsiitii, Qonnaan Bultoonni fi qooda fudhattoonni biroos hirmaataniiru.
Yunivarsiitiin Haroo Mayaa oomishtummaa qonnaa guddisuuf sanyii baay’isaa jira
Oct 19, 2026 408
Onkoloolessa 9/2019 (ENA)-Yunivarsiitiin Haroo Mayaa sanyii filatamaa qonnaan bulaa biraan gahuu gahuu fi oomishtummaa qonnaa guddisuuf sanyii baay’isaa jiraachuu ibse. Yunivarsiitichatti qindeessituun garee qorannoo fi faasiliitii midhaanii fi beelladaa Burtukaan Yimaam ENA’f akka ibsanitti, sanyuun kun mooraa muummee, Baabbilee, Kurfaa callee, Fadiis, Giraawwaa Hirnaa, Dirree Dawaa dabalatee bakkee birootti kan argaman buufataalee qorannoo 14 keessatti gaggeeffama. Sanyiin baay’ifamanis Boloqqee, Qamadii, Atara, Loozii, Baaqilaa, Mosee fi akaakuuwwan midhaanii biroo ta’uu fi sanyiiwwan filatamaa baay’ifaman hongee fi dhukkuba damdamachuun oomisha gaarii akka kennan ibsameera. Misooma Intarpiraayizii Yunivarsiitichatti qindeessaan mekaanaayizeeshinii qonnaa obbo Taaddasaa Addunyaa gamasaaniin, yunivarsiitichi hanqina sanyii filatamaa furuuf akaakuuwwan midhaan qorannoon fooyya’an baay’isaa akka jiru ibsaniiru. Bar-dheengaddaa sanyiiwwa Mosee ‘Buubbuu’ fi ‘Guddannee’ jedhaman baay’isuu sanyii kuntaala kuma 2 gatii madaalawaan qonnaan bultoota naannawaa fi kanneen biroof gatii madaalawaan raabseera. Kana malees Yunivarsiitichi sanyii loonii foyyessuu fi oomishtummaa guddisuuf hojjechaa jira.​​​​​​​   Yunivarsiitii Haroo Mayaatti barsiisaan kutaa barnootaa saayinsii beelladaa fi qindeessaan faarmii beelladaa Guutaa Kumsaa gamasaaniin, Yunivarsiitichi misooma qabeenya beelladaa ammayyeessuu fi oomishtummaa guddisuuf xiyyeeffatee hojjechaa jira jedhaniiru. Wiirtuu horsiisa beelladaa keessatti sanyiiwwan beelladaa guyyaatti aannan liitira 30 ta’u elmaman fooyyessuuf hojjetamaa kan jiru yoo ta’u beelladoota karaa nam tolcheen diqaalfaman hawaasa naannawaa fi dhaabbilee biroof ni dhiheeffama. Sanyii baay’isuurratti kan hirmaatan Jamiilaa Umar akka ibsanitti, bara kana hanqinni roobaa jiraatus jallisiitti gargaaramuun sanyiin baay’ifameera. Omishni walitti qabamus hanqina sanyii roobaan mudachuu danda’u furuuf akka gargaaru ibsaniiru.
Itiyoophiyaan guddina damee teeknooloojii hubannoo nam-tolcheetiin taasiftu itti fufsiisuuf leenjii fi tumsa irratti xiyyeeffachuu barbaachisa
Oct 13, 2026 966
Onkoloolessa 3/2019(ENA)- Itiyoophiyaan imaammattoota dandeettii damee teeknooloojii hubannoo nam-tolcheetiin qabdu hojiirra oolchuun gamatti dandeettii humna namaa leenjiin gabbisuu fi tumsa dhaabbilee cimsuun akka barbaachisu ibsame. Yunivarsiitiin Jimmaa fi akkaadaamiin innoveeshin endi teeknooloojii dijitaalaa Afriikaa (ADITA) gama misooma teeknoolooji, leenjii fi tajaajila gorsa ogummaatiin waliin hojjechuuf walii galaniiru. Hubannoo nam-tolchee baruu fi barsiisuu fi qorannoof itti gargaaramuuf dhimmoota barbaachisanirratti hoggantootaa fi ogeessota Yunivarsiitichaaf leenjiin kennameera. Hojii raawwachiisaan olaanaa akkaadaamii innoveeshin endi teeknooloojii dijitaalaa Afriikaa piroofeesar Shaggaawu Annaagaawu, akkaadaamichi gama misooma teeknooloojiin, leenjii fi dhimmoota konsaltaansiitiin Yunivarsiitii Jimmaa waliin hojjechuuf walii galuusaa ibsaniiru Tumsi kun Yunivarsiitonni hubannoo nam-tolchee baruu fi barsiisuu fi qorannoof sirnaan akka fayyadaman gargaaruuf kan akeekame ta’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaan gama hubannoo nam-tolcheen jijjiirama guddaa agarsiisaa jiraachuu ibsanii, inistiitiyuutiin hubannoo nam-tolchee hundeeffamuunsaa fi imaammanni damee kanaaf gargaaru bahuunsaa misooma teeknooloojichaa si’achiisuuf barbaachisoodha jedhaniiru. Guddinni teknooloojii bu’a qabeessa akka ta’u nama ogummaan cime horachuu fi dhaabbilee barnootaa, dargaggootaa fi dhaabbilee garagaraaf leenjii kennuun akka barbaachisu eeraniiru. Inistiitiyuutichi kaayyoo kanarratti hundaa’uun Yunivarsiitii Gondor, Bahaar Daar, Finfinnee fi Jimmaa dabalatee Yunivarsiitiiwwan biroo keessatti leenjii kennaa akka jiru Piroofeesar Shaggaawu dubbataniiru. Itiyoophiyaan moodaloota hubannoo nam-tolchee afaan biyyattii garagaraan hojjetan qopheessuun teeknooloojicharraa caalaa fayyadamuu akka qabdu eeraniiruy. Pirezidaantiin Yunivarsiitii Jimmaa Dr. Darajjee Ingidaa gamasaaniin, Yunivarsiitichi itti fayyadama teeknooloojii babal’isuuf dhaabbilee garagaraa waliin tumsaan hojjechaa akka jiru ibsaniiru. Yunivarsiitichi hojjettootasaa teeknooloojiin ga’oomsuun gamatti dame hubannoo nam-tolcheetiin lammiilee ga’ooman horachuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Daarektarri wiirtuu ‘ICT’ Yunivarsiitii Jimmaa Dr. Mahaammad Muntaaz, leenjiin akkaadaamichi Yunivarsiitii Jimmaatti kennaa jiru itti fayyadama hubannoo nam-tolchee guddisuuf qooda guddaa akka qabu ibsaniiru. Yunivarsiitichatti daarektarri wiirtuu qacarrii hojii fi kalaqaa Dr. Wayinisheet Daffaar gamasaaniin, leenjiin kun hoggantoota olaanoo Yunivarsiitichaaf kennamuunsaa sadarkaadhumaan kanneen biroos leenjisuuf akka gargaaru dubbataniiru. Leenjiin kun guyyoota lamaaf akka kennamu beekameera.
Tajaajilli Wiirtuu tokkoo Masoob sirna hirmaachisaa lammiileen hundi walqixa itti keessummeeffamanidha
Oct 8, 2026 1256
Fulbaana 28/2019 (ENA): Tajaajilli Wiirtuu tokkoo Masoob sirna hirmaachisaa lammiileen hundi walqixa itti keessummeeffaman ta’uun ibsame. Tajaajilli wiirtuu tokkoo masoob tajaajila si’ataa fi amansiisaa ta’e uumuun amantaa tajaajilamtootaa kan cimsu ta’uu Sadarkaa Itti Aanaa Pirezidaantii oromiyaatti Bulchaan Godina kibba bahaa Oromiyaa Obbo Ahimad Idriis ibsan. Obbo Ahimad tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob magaalaa Dalloo Mannaatti ijaarame eebbisanii hojiif banaa taasisaniiru. Bulchaan Godinichaa akka jedhanitti, mootummaan naannichaa tajaajila bu’uuraa lammiileen mootummaarraa argatan ammayyeessuu irratti xiyyeeffannoon hojjechaa jira. Rakkoo kenninsa tajaajilaa fi qaamolee adda addaa biratti mul’atu furuuf tajaajilli wiirtuu tokkoo furmaata tokko ta’uusa dubbataniiru. Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob lammiileen kabajaa fi si’oominaan akka tajaajilaman, akkasumas dhaabbilee irratti amantaa akka horatan kan taasisu ta’uu ibsaniiru. Aanaalee godinichaa hunda tajaajila wiirtuu tokkoo babal’isuun dhiyeessii tajaajila mootummaa si’ataa ta’e uumuuf hojjetamaa jira jedhaniiru. Obbo Ahimmad tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob imala Dijiitaala Itoophiyaa qabame kan deeggaru ta’u ibsaniiru. Kana malees, tajaajilichi lammiilee baasii hin barbaachisne irraa kan baraaruu ta'uu dubbataniiru. Gama biraatiin, Bulchaan Aanicha Obbo Umar Mahaammad, tajaajilli wiirtuu tokkoo tajaajiloota 82 wiirtuu tokkotti kan dhiyeessu ta’uu dubbataniiru. Tajaajilli wiirtuu takkaa Mesob sirna hirmaachisaa lammiileen hundi walqixxummaan itti tajaajilaman ta’uu isaas eeraniiru.
Ispoortii
Taphni Arsenaal fi Nottingiham Forest, akkasumas Manchesteer yuunaayitidii fi Liidsi yuunaayitid Sagantaawwa hawwiin eegamanidha
Oct 18, 2026 490
Onkoloolessa 8/2019 (ENA) Taphoota torbee 7ffaa Piriimeer Liigii Ingilaandi guyyaa lammaffaa har'a taphooni afur ni gaggeeffamu. Galgala sa'aatii 12 fi daqiiqaa 30 irratti Nottingiham Foresti Arsenal waliin Istaadiyeemii Siti Giraawundiitti ni taphatu.   Nottingiham Forest qabxii shan qabaachuudhaan sadarkaa 17ffaa irratti argama. Shaampiyooniin liigii yeroo ammaa Arsenal qabxii 15 dhaan sadarkaa lammaffaa irratti taa'eera. Keessummeessaan Foresti taphoota liigii darban lamaanmoo injifatamuu dabarsaniiru. Sagantaan kun gara injifannoo deebi'uuf kan taasifamu dha. Torbee ja'affaatti Leedsi United 2 fi 1 injifachuun gara injifannoo deebi'e Arsenaal deemsa injifannoo isaa itti fufuuf ni tapha. Arsenaal yoo injifatan garagaraa qabxii Liigii durfamaa Manchester Siitii waliin qaban gara sadiitti gadi buusu. Sagantaa biraa irratti Liidsi yuunited Manchester yuunaayitid waliin Istaadiyeemii ayilaandi Rooditti waaree booda sa'aatii 10 irratti tapha isaanii ni gaggeessu. Keessummeessaan Leedsi qabxii sagal qabaachuudhaan sadarkaa 8ffaa irratti argama. Dorgomaan isaa Manchisteer Yuunaatid qabxii ja'aan sadarkaa 14ffaa irratti argama. Liids yuunaayitid taphoota lamaan darban, Manchister yuunaayitid immoo sagantaawwan liigii afur darban injifachuu hin dandeenye. Kilaboonni lamaan gara injifannoo deebi'uuf tapha taasisan dorgommii wal-madaalaa akka qabu ni eegama. Sagantaawwan biroo irratti Birayitan Kiristaal Paalaas waliin, akkasumas Boornimaawuz Sanidar Laandi waliin walduraa duubaan waaree booda sa'aatii 10 irratti tapha isaanii ni taasisu.
Dorgommii Maaraatoonii Atileetiksii Toroontoo fi Amisteerdaam irratti Atileetonni Itoophiyaa hawwiidhaan eegamu
Oct 18, 2026 460
Onkoloolessa 8/2019 (ENA) Maaraatooniin Toorontoo 37ffaan har'a waaree booda sa'aatii sagal irraa eegalee ni gaggeeffama. Dorgommicharratti Koorniyaa lamaaniinuu atileetoonni Itoophiyaa 11 ni hirmaatu. Dubartootaan Ayinaadis Tashoomee, Maarituu Katamaa, Nigisti Haaftuu, Zawdiituu Adaraaw, Ilfinash Damsee fi Qabbanee Caalaa ni hirmaatu. Maaraatoonii Siyeel bara kanaarratti sa'aatii 2 fi daqiiqaa 20 sekondii 51 galuun kan injifatte Ayinaadis Tashoomee dorgommicha ni injifatti jedhamuun atileetota hawwiin eegaman keessaa tokko dha. Yeroon isheen itti seentes yeroo fooyyee dhuunfaa fageenyichaa ti. Sa'aatiin 2 fi daqiiqaa 16 sekondii 07 yeroo fooyyee dhuunfaa ishee kan ta'e Maarituu Katamaanis atileetii biraa kan eegamtu dha. Atileetonni lammii Keeniyaa Ruut Chebitook fi Biitriis Cheseerek dorgomtoota cimoo atileetota Itoophiyaa ta'u jedhamuun eegamu. Dinqalaam Ayyaalaa, Gizaalaw Ayyaanaa, Limanih Geetaachaw, Yismaaw Axinaafuu fi Fiqaaduu Liichee Atileetota Itoophiyaa dhiirootaa hirmaatanidha. Sa'aatii 2 fi daqiiqaa 6 sekondii 43 yeroo dhuunfaasaa kan fooyyeefate qabu Dinqalaam Ayyaalaa atileetota tilmaama injifannoo argatan keessaatti argama. Akkasumas Gizaalaw Ayyaanaa Atileetii biraa kan eegamu yoo ta'u, sa'aatii 2 fi daqiiqaa 5 sekondii 35 yeroo fooyyee dhuunfaasaa qaba. Dhiirootaan injifataan Maaraatoonii Toorontoo yeroo ammaa atileetiin lammii keeniyaa Leeyonaardi Laangaat fi atileetiin biyyattii biraa Elviis Cheboy dorgommicharratti ni eegamu. Maaraatoonii Toorontoo 37ffaarratti koorniyaa lamaaniinuu atileetonni 44 ni hirmaatu. Atileetota kana dabalate namoonni kuma 30 ol hirmaattota dha. A.L.A bara 1990 kan jalqabame Maaraatoonii Toorontoo dorgommii Atileetiksii Addunyaatiin beekamtii kan qabu (World Athletics Elite Label Road Race) dha. dabalataanis Maaraatoonii Amisteerdaam 50ffaan har'a ganama sa'aatii afur irraa eegalee ni gaggeeffama. dorgommichaan Dubartoota injifatan yeroo ammaa Ayinaalam Dastaa ni eegamti. Masarat Ballaxxaa, Buuzee Dirribaa, Mastaawot Fiqiree fi Yashii Kaalayyuu dorgommicharratti ni hirmaatu. Dhiirootaan Lammii Birhaanuu, Tsaggaayee Geetaachoo fi Hayimaanot Aleewu kan hirmaatan ta'u. Maaraatoonii Amisteerdaam sadarkaa Pilaatiiniyamii Atileetiksii Addunyaatiin kan kennameefiidha. Miseensa Maatii Dijiitaalaa ENA ta’aa https://linktr.ee/ENADigital #BiyyaGuddoo,UmmataGuddaa#Mul'ataGuddaa!  
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Ergaa Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad dabarsan:
Oct 13, 2026 744
Inistitiyuutii Metiworooloojii Itoophiyaa daawwachuuf carraa argadheen ture. Dhaabbatichi tajaajila raaga qilleensaa guutuu kennuudhaan dhaabbata humna misoomaa biyyattiif hojiiwwan murteessaa ta'an hojjechuudhaan umurii bara dheeraa qabudha. Daawwannichaan haala qilleensaafi amala qilleensaa jijjiiramaa jiru ilaalchisee haalota hubachuufi deebii kennuudhaan humna qabnu cimsuudhaaf odeeffannoo meetiriiwooloojii funaanuun, qorannoon saayinsaawaafi guddinni teknooloojii faayidaa olaanaa qabu kan mirkaneesse ta'uu argeera.   Dhaabbilee akka Inistitiyuutii Metiworooloojii Itoophiyaa jiran cimsuun baay'ee barbaachisaadha. Tajaajiloota dameewwan ijoo akka qonnaa, bishaan, fayyaa, aviyeeshiniifi hooggansi hojii yaaddoo balaa itti hirkatan fooyyessuuf ijaarsa dandeettii humna namaa, teknooloojiiwwan ammayyaafi misooma bu'uraa odeeffannoo irratti qabeenya ramadanii hojechuun murteessaadha. Keessaayyuu balaawwan dursanii tilmaamuuf, naannaawwan kamitti dafanii qaqqabuun caalaatti akka barbaachisu murteessuuf akkasumas karaa wayitawaa fi bu'a-qabeessa ta'e akka sochoonu gochuuf faayidaa sirnoonni dursanii akeekkachiisuu qaban najajjabeesseera. Odeeffannoo amansiisaan gara qajeelfamoota qabatamaatti yoo jijjiiramu lubbuu baraara; qabeenya kunuunsa, akkasumas murtii fooyya'aa kennuuf gargaara. Hojiin akkasii saatalaayitii ilaaluu bira kan darbudha. Hojichi odeeffannoowwan funaanamanii, qindaawwaaniifi qaacceffamanii tarkaanfii wayitaawaa fudhachuuf akka gargaaran, buufatawwan funaansa odeeffannoofi man'ee giddugala odeeffannoo ciccimoo guutummaa biyyattiitti argaman irraattis kan hundaa'edha.
Harka Lammiilee isheen Dachee Laliste -Itoophiyaa
Sep 22, 2026 2918
Waggoota kurnan darban keessa uwwisni bosonaa ishee baay’ee haphatee ture. Haalli kunis biyyattii jijjiirama haala qilleensaa fi eegumsa naannoof qormaata itti ta’aa tureera. Kaka’umsa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin ifatti bara 2011 kan jalqabame sagantaan ashaaraa magariisaa bu’aa olaanaa fidaa jira. Sagantaa ashaaraa magariisaa kanas ummanni Itoophiyaa qajeelfama hoggansa isaa fudhachuun duulaan biqiloota dhaabuun adda duree akka ta’e Zegaardiyaan gabaasa isaa keessatti bal’inaan ibseera. Haliimaa Kadir yeroo jalqabaaf gaafa biqiltuu dhaabuu jalqabdu namoonni akka ishee shakkanii fi itti qoosan akka turte illee Zegaardiyaan gabaasa isaa keessatti eereera. Biqiloonni dhaabaman kunniin muuzii,zayituunaafi Giraaviiliyaa, akkasumas gosoota kuduraa fi muduraa adda addaan oyiruu uwwifame bira teessoo mukaarra teessee gaafa biqiltuu dbaabuuf jettu sana gara duubatti yaadatti. Olloonni koo abdii na kutachiisanii ture jetti. Garuu waan ajaa’ibaa hojjette. Namoota Tokkoo tokkoo isaaniif ifaajii homaa hin baafne itti fakkaatee ture;garuu booda biqiloonni dhaabaman kunniin jijjiirama qilleensaa fi wabii nyaataa mirkaneessuuf furmaata ta’ee gaafa argamu dhugaa jiru hubachaa dhufuu isaanii ibsiti. Naannoo Oromiyaa aanaa Barbareetti kan kan argamtu Haliimaa Kadir umuriin waggaa 35 kan taate,biqiloota kumaatamaan lakkaa’aman dhaabuun eegumsa naannoof modeela taateetti. Biyya akka Itoophiyaa mancaatiin bosonaa mudatuti hojiin Haalimaa salphaa hin turre; ija jabina naamusaa fi cimina guddaa gaafata ture. Amma garuu wanti hundi jijjiirameera jetti Haalimaan. Biqiltoonni isheen dhaabde guddachuu fi naannoon ishee magariisa ta'aa dhufuun, warri jalqaba abdii kutachiisuuf yaalan illee hojii cimaa fi kutannoo ishee akka dinqisiifatan ibsiteetti. Haalimaaf biqiltuun isheen dhaabdu muka ofii isaatii irra darbee hiika qaba; isaanis hiriyyoota ishee dhiyootiin akkasumas qormaata hawaasa ishee addunyaa irratti jijjiirama qilleensaaf saaxilamoo ta’an keessaa tokko ta’eef furmaata ta’anii ilaalamu. Akkuma ‘The Guardian’ gabaasetti; Itiyoophiyaan babal’ina qonnaa, biqiltuu qoraaniif oolan fi itti fayyadama cileef irraa kan ka’e uwwisa bosona ishee bal’aa dhabdeetti. Kunis heddummina lubbu qabeeyyii, gabbina biyyee fi qabeenya bishaanii irratti miidhaa guddaa kan geessise yoo ta’u, balaawwan haala qilleensaatiin walqabatan hammeesseera. Inishiyeetiiwwan hedduu mootummaan Itiyoophiyaan eegalte keessaa tokko kan ta’e Ashaaraa Magariisaan, jijjiirama qilleensaa fi mancaatii bosonaa hir’isuu keessatti gahee olaanaa taphateera. Gabaasni kun akka mul’isutti waggoota torban darban keessatti biqiltuun biiliyoona 48 ta’u sagantaa kanaan dhaabameera, kan amma jiru osoo hin dabalatiin jechuudha. Ollaan Haalimaa Faxee Abdullaahi milkaa’ina Haalimaa erga argitee booda eegumsa naannoo irratti hirmaattetti. Isheenis nuti akka hin dogoggorre nutti agarsiifte jechuun Haalimaa jajuun, rakkoon furmaata biyya keessaatiin rakkoo addunyaa furuun furuun akka danda’amu agarsiisuudhaan fakkeenya taatee jirti jette. Hawaasni Oromoo daa’ima nama biraa irraa dhalate abbaa fi haadha uumamaa ykn walitti dhufeenya dhalootaa tokko malee fudhachuun akka dhala ofiitti guddifachuun, akka ilmoo ofiitti guddisee, faayidaa dinagdee fi hawaasummaa isaa eeguun aadaa qaba. Ummanni Oromoo biqiltuu akka ilmoo isaatti ilaala. Haalimaan duudhaa kana irraa ka’uun biqiloota dhaabuun kunuunsuun akka ishee gargaare ibsiteetti. Akkasumas walitti dhufeenya ijoollee ishee waliin qabdu miira haadhummaa waliin walqabsiistee jirti. ''Akkuma aadaa keenya keessatti ijoollee guddifnu, biqiltuus akka ijoollee kootti nan ilaala,'' jetteetti. Naannoo hanqinni bishaanii hamaan jiru keessa kan jiraattu Haalimaan gara sa'aatii tokkoo deemtee biqiltuu ishee bishaan obaasti. Ilmi Haalimaa ganna 13, Anwaar Hasan, haadha isaatti akka boonu ibsuun, kaayyoo ishee hordofuu akka barbaadu dubbata. Jijjiirama qilleensaa ittisuuf umurii guutuu waadaa galuu akka barbaadus himeera. Maatiin fi dubartoonni kumaatamaan lakkaa’aman ganda naannoo sana jiranis sagantaa biqiltuu dhaabuu kana irratti hirmaataniiru. Akka qorattoonni naannoo fi ogeeyyiin jedhanitti, gosoonni mukaa dhalootaan maatii fi dhaabbilee adda addaatti raabsaman hedduun isaanii guddataniiru. Naannolee gammoojjii fi haala qilleensaaf miira qaban keessatti tattaaffiin kun hawaasni jijjiirama qilleensaa caalaatti akka dandamatu gargaaruu danda’a. Qindeessaan Sagantaa Biyyaalessaa ‘REDD+’ Misooma Bosonaa Itiyoophiyaa Doktar Xibabuu Mogas sagantaa dhaabbii biqiltuu hanga ammaatti milkaa’inni guddaan argame badda dareetti ta’uu dubbatu. Itiyoophiyaan jijjiirama qilleensaa ittisuuf kutannoon hin raafamne akka biyyaattis ta’e idil-addunyaatti guddachaa fi babal’achaa dhufeera. Miidiyaa Dijitaalaa ENA hordofaa- https://www.ena.et/web/links
Raaga haala Qilleensaa bal'inaan dhaqqabamaa taasisuun qophii gahaan akka jiraatuuf dhiheenyaan hojjetamaa jira
Sep 18, 2026 2246
Fulbaana 8/2019 (ENA) Odeeffannoo raaga haala qilleensaa bal'inaan dhiyeessuun qophii fi offeeggannoo duraa akka jiraatuuf dhiyeenyaan hojjetamaa jiraachuusaa Inistitiyuutiin Meetiroloojii Itoophiyaa beeksise. Inistitiyuutichi gamaggama haala qilleensa gannaa fi raaga haala qilleensa bonaa fuulduraa hirmaannaa qooda fudhattootaatiin Adaamaatti gaggeessaa jira. Daarektarri Olaanaan Inistitiyuutichaa Dr.Faxxanaa Tashoomaa akka jedhanitti, Inistitiyuutichi misoomawwan hawaasummaafi dinagdee biyyaattif faayidaa kan qaban raaga haala qilleensaa yeroo gabaabaa fi dheeraa yeroosaa eeggatee dhiyeessuun gaheesaa ba'achaa jira.   Odeeffannoon kunneen keessattuu dameelee Qonnaafi misooma jallisiif, Bulchiinsa qabeenya bishaaniif, hir’ina sodaa balaatiif,Aviyeeshinii fi geejibaatiif ,Barnootaafi fayyaaf gaggeesuuf murteessaa ta’uusaanii ibsaniiru. Akkasumas,odeeffannoo haala qilleensaa yeroosaa eeggatee fi amansiisaa ta'e uummataafi qooda fudhattootaaf dhiyeessuun misoomaa fi guddina biyyaatiif murteessaa ta'uu isaafi hojiin kun cimee kan ittifufu ta'uu ibsaniiru. odeeffannoo raaga haala qilleensaa yeroodhaan dhiyeessuun qophii fi deebii sirrii kennuuf kan gargaaruudhas jedhan. Qooda fudhattoonnis odeeffannoo kanatti fayyadamanii tarkaanfii qophiitiif akka itti fayyadaman waamicha dhiyeessaniiru. Gara biraatiin, raaga haala qilleensa Bonaa kan dhiyeessan Itti Aanaa Daarektara Inistitiyuutichaa Dr.Asaamminnoo Tashoomaa akka ibsanitti,Bona dhufu kanatti naannowwan horsiise bulaatti haalli qilleensaa misooma qonnaatiif mijaawaa ta'ee fi roobni gaariin akka jiraatu ibsaniiru. Naannoowwan kunniin rooba kana jalqaba baatii Onkololeessaatii jalqabanii kan argatan ta'uun ibsameera. See less  
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 33121
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti - Itti aanaa Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa
Jun 9, 2026 22741
Waxabajji 2 /2018 (ENA): Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti jedhani itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan muummee ministiraa Pirojektoota misoomaa adda addaa magaalaa Woldiyaatti ijaaraman eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Yeroo eebba kanaatti pirojektoonni misoomaa eebbifaman imala biyyattiin gara fuulduraatti taasiftu kan agarsiisan yoo ta’u, guddinni Itiyoophiyaa eenyullee dhaabuu akka hin dandeenye kuni ragaadha jedhan. Itti aanaan ministira muummee kun ummanni magaalaa Woldiyaa finxaaleyyii fi qoqqoodinsa mormuudhaan kan beekamu ta’uu ibsuun, filannoon isaanii irra deddeebiin nagaa fi mootummaa cimaa ta’uu isaa kan argisiisu ta’uu ibsaniiru.   Mootummaan baandota irratti qabsaa’aa jira jedhani. Waggoota 50 fi 60 darbaniif warri yaada dulloomaatiin qabaman guddina ariifataa biyyattii hubachuu akka hin dandeenyes ibsaniiru. Warri bosona keessa jiran jijjiirama guddaa biyyatti dhufe kan akka misooma koridarii, maaddii guutuu, pirojektoota misoomaa fi oomisha qamadii arguu akka hin dandeenye dubbataniiru. Misoomni koridarii magaalota keessatti gaggeeffamaa jiru dhimma bareedinaa qofa osoo hin taane magaalota ammayyeessuun sadarkaa jireenyaa ummataa ol kaasuuf kaayyoo ta’uu ibsaniiru. Magaalonni Itiyoophiyaa magaalota Baha Afriikaa fi addunyaa waliin dorgomuu akka qaban ibsaniiru; akkasumas tajaajila ammayyeessuuf tajaajilli giddugala tokkoo guutuu biyyattiitti babal’achaa akka jiru hubachiisaniiru. Manneen kitaabaa ummataa, manneen kitaabaa dijitaalaa fi kaffeewwan saayinsii magaalaa Woldiyaatti ijaaraman odeeffannoo guyyaa guyyaa irraa gara beekumsaa fi qorannoo gadi fagootti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan, abbootii qabeenyaa fi ummanni pirojektoota misoomaa eegalaman gara baadiyyaatti babal’isuun badhaadhina biyyattii dhugoomsuuf waliin hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 19472
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015