Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Gaaffiin Mirga abbummaa Hulaa Galaana Itiyoophiyaa gaaffii nageenya naannawichaa mirkaneessuu fi jiraachuu fi jiraachuu dhabuuti
Sep 20, 2026 80
Fulbaana 10/2019 (ENA): Gaaffiin Mirga abbummaa Hulaa Galaana Itiyoophiyaa gaaffii nageenya naannawichaa mirkaneessuu fi jiraachuu fi jiraachuu dhabuuti ta’uu hayyoonni dubbatani. Itiyoophiyaan hula galaanaa mataashee kan qabdu turte shira irratti dalagameen kan mulqamte, baay’ina ummataa amma qabduu fi guddina dinagdee saffisaan guddachaa jiru waliin qabeenya uumamaa ishee deeffachuun dirqamadha. Yeroo ammaa dhimmi abbummaa buufata galaanaa dhimma Itoophiyaa qofa osoo hin taane, hawaasa addunyaa irraas deeggarsa bal’aa argateera. Mootummaan dhimma haqaa fi misoomaa kana karaa dippilomaasii, karaa nagaa fi walitti dhufeenya diinagdee cimsuun dhugoomsuuf carraaqqii addaan hin cinne gochuu itti fufee jira. Yunivarsiitii Finfinneetti barsiisaa fi qorataan Federaalizimii fi Bulchiinsa kan ta’an Dr. Tasfaayee Jimaa ENA waliin turtii taasisaniin akka himanitti,Dhimmi Galaana Diimaa Itoophiyaaf madda daldalaa fi galii caalaa dhimma birmadummaa fi lubbuuti jedhani. Daldala biyyattii babal’isuu fi misooma qonnaa fi qurxummii ishee guddisuuf buufanni galaanaa kuni gahee murteessaa qaba. Kana malees, carraan ji’oopoolitikaa baay’ee barbaachisaa ta’e kun dhiibbaa dippilomaasii fi siyaasaa Itoophiyaan naannichaa fi dirree idil-addunyaa irratti qabdu haalaan cimsa. Kanaaf Hulaa Galaana Diimaa argachuun dhimma bu’uuraa nageenya bal’aa fi misooma itti fufiinsa qabu biyyattiif wabii ta’edha. Akkaadaamii Hooggansaa Finfinneetti dursaan qorattootaa obbo Solomoon Tafarraa akka himanitti, Gaaffii abbummaa hula galaanaa Itoophiyaa sirriitti hubachuuf achii dhuftee seenaa, seeraa fi ji’oopoolitikaa qorachuun barbaachisaadha jedhani. Haalli nageenyaa fi siyaasaa naannichaa haalaan jijjiiramaa ta’e keessatti abbummaan buufata galaanaa Itoophiyaaf dhimma lubbuun jiraachuu fi birmadummaa murteessaa ta’uus eeraniiru. Kanaafis hayyoonni odeeffannoo qorannoon deeggaramee maddisiisuu fi waltajjiiwwan idil-addunyaa irratti fedhii biyyattii irratti hubannoo uumuun faayidaa biyya isaaniitiif gumaacha gaarii taasisuu danda’u. Dura taa’aan Waltajjii Tarsiimoo Abbayyaa fi Galaana Diimaa Dr. Abbabaa Gammachuu akka jedhanitti,Hayyoonni dhaabbata tokko keessatti walitti qabamanii dhimma abbummaa galaanaa Itoophiyaa qorannoo fi qo’annoodhaan yaada imaammataa maddisiisuun, waltajjiiwwan ardiilee fi idil-addunyaa irratti kaasuu qabu jedhani. Dhimma kana galmaan gahuuf Waltajjiin Tarsiimoo Abbayyaa fi Galaana Diimaa kan hundeeffame ta’uu eeruun, qorannoo gama teessuma lafaa, baay’ina ummataa, walqixxummaa fi walitti hidhamiinsa naannootiin gaggeessuun yaadota dantaa biyyattii tajaajilan maddisiisaa akka jiru ibsaniiru. Itiyoophiyaan dhimma abbummaa galaanaa irratti dippilomaasii karaa nagaa fudhatte itti fufsiisuudhaan gaaffii dhimma hula galaanaa ishee jabeessitee tarkaanfachiisuuf dandeettii qabdus dinqisiifannaa qaban ibsaniiru. Miidiyaa Dijitaalaa ENA hordofaa- https://www.ena.et/web/links
Hambaalee Biyyarraa saamaman deebifachuuf tattaaffii dippilomaasii cimaa taasifameen bu’aan qabatamaa galmaa’eera
Sep 20, 2026 84
Fulbaana 10 /2019 (ENA): Hambaalee Biyyarraa saamaman deebifachuuf tattaaffii dippilomaasii cimaa taasifameen bu’aan qabatamaa galmaa’uu qorataa fi miseensa koree hambaalee Itiyoophiyaa deebisuu kan ta’an Dr. Aluulaa Pankiransti ibsani. Itiyoophiyaan meeshaalee hambaa durii kanaan dura sababa waraanaa, saamichaa, fi sababoota adda addaatiin kan fudhatame tattaaffii dippilomaasii cimaan akka deefifamu taasisuun bu’aa qabatamaa galmeessisaa jirti. Kunis ta’uu kan danda’e mootummaan ida’amuu xiyyeeffannoo guddaa itti kennuun bu’aa qabatamaa fi jajjabeessaan gal’aameera. Haala kanaan waggoota torban darban qofa keessatti meeshaaleenhambaa durii hedduun carraaqqii dippilomaasiitiin gara biyyaatti deebifamaniiru. Qorataan fi miseensi koree hambaalee Itiyoophiyaa deebisanii dhaabuu Dr. Aluulaa Pankiharisti turtii ENA waliin taasisaniin akka himanitti, meeshaaleen hambaa durii seeraan ala humnaan fi saamichaan fudhataman yeroo hunda abbootii qabeenyaa seenaa isaaniif deebifamuu akka qaban cimsanii dubbataniiru. Itiyoophiyaan waggoota darban keessa meeshaalee yeroo adda addaatti seeraan ala irraa fudhataman deebifachuuf bifa qindoominaan hojjechaa akka turtes ibsaniiru. Keessumattuu meeshaaleen keenya gabaa biyya alaa fi caalbaasii adda addaatti gurgurtaaf yeroo dhiyaatan mormii seeraa fi dippilomaasii cimaa dhiyeessuun caalbaasicha guutummaatti haquun akka danda’ame dubbataniiru. Caalbaasiin erga haqamee booda mootummaa fi qooda fudhattoonni gatii gadi aanaa fi madaalawaa irratti mari’achuun meeshaalee seenaa hedduu baraaruu akka danda’anis hubachiisaniiru.   Yeroo ammaa Macaafa Qulqulluu mootii Tewoodiroos kan Maqdalaa irratti saamame dhaabbata Oostiriyaatiin Abu Daabiitti gurgurtaaf dhiyaate kana mootummaan tattaaffii dippilomaasiin akka deebifamuuf yaalii taasisaa jira jedhani. Akkasumas tooftaa bu’a qabeessa ta’e kan biraan kallattiin muuziyeemota idil-addunyaa waliin mari’achuun meeshaalee hambaa durii deebisiisuu akka ta’e ibsaniiru. Golambaan Aartii Toleedoo Ameerikaatti argamu meeshaalee hambaa Itiyoophiyaa tilmaamaan 380 ta’an namoota dhuunfaarraa bituun kan kuuse mootummaan Itiyoophiyaa suuta suutaan deebisiisuuf waliigalteerra ga’uusaa akeekaniiru.   Yeroo dhiyootti Biraannaa jaarraa 15ffaa lamaa fi fannoo sadii akka deebisan, meeshaalee hafan waggoota 5 hanga 10 itti aanan keessatti suuta suutaan deebisuuf fedhii akka qaban himaniiru. Akkasumas waggoota darban keessatti mootummaan meeshaalee hambaa durii deebisiisuu irratti kutannoon dippilomaasii taasise kan galateeffamu ta’uu hubachiisaniiru. Miidiyaa Dijitaalaa ENA hordofaa- https://www.ena.et/web/links
Taphoota har’aa Maanchistar Siitiin Saandarlaandii waliin, Fuulhaam Maanchistar Yunaayitid waliin fi Boornemaawuz Liivarpuul Waliin taasisan haalan eegama
Sep 20, 2026 142
Fulbaana 10/2019 (ENA): Piriimiyerliigiin Ingiliiz torbee shanaffaan har'a xumurama. Pireemeerliigichaan Har'a taphoonni afur ni gaggeeffamu. Maanchistar Siitiin sa'aatii waaree booda sa’aatii 11:00 irratti istaadiyeemii Itihaaditti Saandarlaandiin ni keessummeessa. Siitiin taphoota afran darban liigichaan injifachuun qabxii 12’n sadarkaa tokkoffaa irra jira. Saandarlaandiin qabxii afuriin sadarkaa 14ffaa irra jirta. Gareen kun taphoota lamaan darban irratti injifannoo hin arganne. Maanchistar Siitiin yoo injifate qaawwa Arsenaal waliin qaban gara qabxii sadiitti guddisa. Arsenaal kaleessa Biraayitan irratti 3 fi 0’n mo'ame. Saandarlaandiin gara daandii injifannootti deebi'uuf garee qe'ee isaanii qormaata keessa galchuuf ni ilaala. Fuulhaam galgala sa'aatii 12:30tti Maanchistar Yunaayitid ‘Craven Cottage’ irratti keessummeessa. Abbaan dirree Fuulhaam sadarkaa 20ffaa irraa qabxii tokkoon fagaatee jira. Maanchistar Yunaayitid gama isaan taphoota lamaan darban injifachuu dadhabuun qabxii afuriin sadarkaa 13ffaa irra jira. Tapha birootiin Boornemaawuz har’a waaree booda sa'aatii 10tti Istaadiyeemii ‘Vitaalitii’ irratti Liivarpuul keessummeessa. Boornemaawuz qabxii sadiin sadarkaa 16ffaa irratti argama. Liivarpuul qabxii 6’n sadarkaa 10ffaa irra jira. Liidsi Yunaayitid waaree booda sa'aatii 10tti Istaadiyeemii Laandi Rood irratti Kiristaal Paalaas waliin taphata. Miidiyaa Dijitaalaa ENA hordofaa- https://www.ena.et/web/links
Ijipti ilaalcha “Lagni Abbayyaa keenya qofa” jedhu dhiisuu qabdi – Obbo Geetaachoo Raddaa
Sep 20, 2026 514
Fulbaana 10/2019(ENA): Ijipti qabeenya bishaanii bal’aa qabaattus, bulchiinsaafi itti fayyadama bishaanii keessatti hanqina guddaa akka qabdu Ministirri Gorsaa Dhimmoota Baha Afrikaa Ministira Muummee Obbo Geetaachoo Raddaa himani.   Obbo Geetaachoon turtii POA “Pulse of Africa” waliin taasisaniin, ilaalcha duubatti hafaa Abbayyaan kiyya qofa jedhu hordofaa akka jirtu dubbatan. Ilaalchi kunis haqa irratti kan hin hundaa’in ta’uu himuun, ejjennoon akkasii fudhatama akka hin qabnes kaasaniiru. Ijipti addunyaarratti biyyoota bulchiinsa bishaanii keessatti rakkoo qaban keessaa tokko ta’uu kan kaasan Obbo Geetaachoon, qabeenya bishaanii karaa bu’a qabeessa ta’een fayyadamuurra, qisaasama bishaanii guddaa akka raawwattus himaniiru.   Ijipti bishaanitti sirnaan fayyadamuu caalaa Itoophiyaa madda Laga Abbayyaa taateefi Sudaan dandeettii jallisii olaanaa qabdu gidduutti hokkora kaasuun nagaafi tumsi biyyoota lamaanii akka hin cimne dhiibbaa uumaa akka turteefi itti jirtus hubachiisaniiru. Keessattu rakkoo nageenyaa Sudaan keessatti yeroo ammaa mul’achaa jiruuf Ijipti harka keessa qabaachuun waan nama dhibu akka ta’es dubbataniiru. Ijipti ilaalcha duriifi adeemsa yeroon isaa darbe dhiisuun dhugaafi haala qabatamaa naannawichaa waliin walsimsiisuun akkaataa waloon bishaan laga Abbayyaa itti fayyadamuun danda’amurratti xiyyeeffachuu akka qabduus Obbo Geetaachoon hubachiisaniiru.
Kan mul'ate

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa
Ijipti ilaalcha “Lagni Abbayyaa keenya qofa” jedhu dhiisuu qabdi – Obbo Geetaachoo Raddaa
Sep 20, 2026 514
Fulbaana 10/2019(ENA): Ijipti qabeenya bishaanii bal’aa qabaattus, bulchiinsaafi itti fayyadama bishaanii keessatti hanqina guddaa akka qabdu Ministirri Gorsaa Dhimmoota Baha Afrikaa Ministira Muummee Obbo Geetaachoo Raddaa himani.   Obbo Geetaachoon turtii POA “Pulse of Africa” waliin taasisaniin, ilaalcha duubatti hafaa Abbayyaan kiyya qofa jedhu hordofaa akka jirtu dubbatan. Ilaalchi kunis haqa irratti kan hin hundaa’in ta’uu himuun, ejjennoon akkasii fudhatama akka hin qabnes kaasaniiru. Ijipti addunyaarratti biyyoota bulchiinsa bishaanii keessatti rakkoo qaban keessaa tokko ta’uu kan kaasan Obbo Geetaachoon, qabeenya bishaanii karaa bu’a qabeessa ta’een fayyadamuurra, qisaasama bishaanii guddaa akka raawwattus himaniiru.   Ijipti bishaanitti sirnaan fayyadamuu caalaa Itoophiyaa madda Laga Abbayyaa taateefi Sudaan dandeettii jallisii olaanaa qabdu gidduutti hokkora kaasuun nagaafi tumsi biyyoota lamaanii akka hin cimne dhiibbaa uumaa akka turteefi itti jirtus hubachiisaniiru. Keessattu rakkoo nageenyaa Sudaan keessatti yeroo ammaa mul’achaa jiruuf Ijipti harka keessa qabaachuun waan nama dhibu akka ta’es dubbataniiru. Ijipti ilaalcha duriifi adeemsa yeroon isaa darbe dhiisuun dhugaafi haala qabatamaa naannawichaa waliin walsimsiisuun akkaataa waloon bishaan laga Abbayyaa itti fayyadamuun danda’amurratti xiyyeeffachuu akka qabduus Obbo Geetaachoon hubachiisaniiru.
Gibxi qabeenya bishaanii guddaa osoo qabduu sirni bishaan ittiin bulchitu dadhabaadha-Obbo Geetaachoo Raddaa
Sep 19, 2026 539
Fulbaana 9/2019 (ENA)- Gibxi qabeenya bishaanii guddaa osoo qabduu sirni bishaan ittiin bulchitu dadhabaa ta’uusaa ministirri gorsaa dhimmoota Afriikaa bahaa ministira muummee Obbo Geetaachoo Raddaa ibsan. Obbo Geetaachoo Raddaa turtii POA waliin taasisaniin, Gibxi laga Abbayyaa kan dhuunfaashee gootee ilaaluudhaan adeemsa boodatti hafaa hordofaa akka jirtu dubbataniiru. Ejjennoon Gibxi madda laga Abbayyaa isa dhugaa dabalatee adeemsa tuffii haqa ganu ta’uu eeranii, kun ammoo gonkumaa fudhatama hin qabu jedhaniiru. Gibxi faallaa saayinsii dhaabbachuun itti fayyadama Abbayyaa ilaalchisee adeemsi dogoggoraa deemaa jirtu Gibxoonni miirri abbummaa dogoggoraan “mirgoota seenaa” jedhu akka itti dhaga’amu godheera jedhaniiru. Yaadni “mirga seenaa” jedhu ilaalcha sassattuu qaamni bishaan Abbayyaa dursee fayyadamuu eegale bara baraan to’achuu qaba jedhurraa kan dhufe ta’uu dubbataniiru. Yaad-rimeen “nageenya bishaanii” jedhu kan Gibxi waltajjiiwwan idil addunyaarratti kaaftu fedhii olaantummaa qaama tokkoo kan yeroon itti darbe ta’uu obbo Geetaachoon dubbataniiru. Kun bu’aa siyaasaa argachuuf osoo beekamuu kan uumame seenessa dogoggorsaa akka ta’es dubbataniiru. Gibxi biyyoota addunyaa bulchiinsa bishaanii dadhabaa ta’e qaban keessaa ishee tokkodha kan jedhan obbo Geetaachoon, Pirojektoonni akka Tushkaa bishaan guddaa gaafatan kanneen gammoojjii keessatti argaman fakkeenya itti fayyadama qisaasaati jedhaniiru. Hurki bishaanii Gibxi hidha Aswaanitti waggaatti mudatu, baay’ina bishaanii kuusaalee bishaanii Itiyoophiyaa keessatti argamu baay’ee akka caalu dubbataniiru. Gibxi madda bishaan Abbayyaa kan taate Itiyoophiyaa fi lafa jallisiif oolu bal’aa kan qabdu Sudaan jidduutti nagana akka hin jiraanne hojjechaa turuunshee rakkoon Sudaan keessa jiru bishaan Abbayyaa akka hin fayyadamne gochuuf tarsiimoo gaggeessitudha jedhaniiru. Karaan tokkichi Gibxi qabdu adeemsa yeroon itti darbe dhiisuudhaan haqa mul’ataa waliin araaramuu akka ta’e dubbataniiru.
Komoroos walta’insa Itoophiyaa waliin qabdu cimsuuf fedha guddaa qabdi
Sep 19, 2026 408
Fulbaana 9/2019 (ENA) Komoroos walta’insa Itoophiyaa waliin qabdu haala fayyadamummaa waliinii mirkaneessuu danda'uun cimsuuf kutannoo qabaachuushee Ambaasaaddar Yusuuf Mondohaa Asumaanii ibsan. Hariiroon biyyoota lamaan gidduu jiru yeroo gara yerootti cimaa dhufuusaa Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Komoroos fi Ergamaa dhaabbataa Gamtaa Afrikaa Yusuuf Mondohaa Asumaanii turtii ENA waliin taasisaniin dubbataniiru. Biyyoonni lamaan komishinii waliinii hundessuuf waliigalteerra ga’uu isaanii eeranii, komishiniin kunis wal-ta'insa kana caalaatti cimsuuf kan gargaaru ta'uu ibsaniiru. Wal-ta'insa dinagdee cimsuun xiyyeeffannoo jalqabaa biyyoota lamaanii ta'uu isaas kaasaniiru. Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa babal’ina daldalaa fi hariiroo ummataa biyyoota lamaan gidduu jiru cimsuuf taasisaa jiru ol'aanaa ta'uu isaa dubbataniiru. Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa balallii gara komoroositti taasisuu erga eegalee waggaa 10ffaa isaa waliin kabajuuf qophii ta'aasiisaa jiraachuu eeraniiru. Damee sivil Aviyeeshiniin to'attoota imala qilleensaaf leenjiin yeroo dheeraa kennamaa jiru dandeettii biyyaalessaa Komoroos guddisaa akka jiru dubbataniiru. Hawaasni daldalaa Komoroos dhaabbata daldalaa Itoophiyaa waliin hariiroo daldala biyyoota lamaaniin caalaatti cimsuuf gama mana maree daldalaan carraawwan akka jiranis Ambaasaadarichi ibsaniiru. Tumsa nageenyaa cimsuuf Jilli hoggantoota ol'aanoo poolisii Komoroos Itoophiyaa daawwachuusaanii yaadachiisanii, jilichi yakka qindaa’aa fi daddabarsa qoricha sammuu hadoochu ittisuu irratti muuxannoo Itoophiyaan qabdu fudhachuu isaa eeraniiru. Misooni Annisaa Itoophiyaa misooma Afrikaa fi dhiheesii elekitrikaa Riijinichaaf qooda murteessaa bahaa akka jiru dubbataniiru. Adeemsa marii biyyaalessaa Itoophiyaa kan dinqisiifatan Ambaasaadarichi, nagaa fi tasgabbiin guddina Afrikaatiif qooda olaanaa akka qabu ibsaniiru. Komoroos tapha Garba Hindiiratti taphattu dabalatee damee tajaajilaan Turizimii fi taateewwan Ispoortii irratti muuxannoo Itoophiyaa irraa fudhachuuf fedha akka qabdu dubbataniiru. Walumaagalatti Komoroos tumsa Itoophiyaa waliin qabdu fayyadamummaa waliinii irratti hundaa'uun cimsuuf fedha akka qabdu Ambaasaadarichi ibsaniiru. Komoroos bara 2011 A.L.A Imbaasiishee Finfinneetti erga bantee hariirooshee guddachaa, tumsa damee garagaraa caalaatti cimsuuf haala mijataa uumee jira.
Gareen badii ABUT badii fi gidiraa malee ummata Tigaayiif waan buusu tokkollee hin qabu-Obbo Geetaachoo Raddaa
Sep 18, 2026 707
Fulbaana 8/2019 (ENA)- Gareen badii ABUT badii fi gidiraa malee ummata Tigaayiif waan buusu tokkollee akka hin qabaannee pirezidaantii bulchiinsa yeroo Tigraayi duraanii fi ministirri gorsaa ministira muummee dhimmoota Afriikaa bahaa Geetaachoo Raddaa ibsan. Ummannii fi dargaggoonni Tigraayi garee badii ABUT irratti qabsaa’uudhaan gara nageenyaa fi misoomaatti deebi’uu akka qaban dhaamaniiru. Pirezidaantii bulchiinsa yeroo Tigraayi duraanii fi ministirri gorsaa ministira muummee dhimmoota Afriikaa bahaa Geetaachoo Raddaa turtii POA waliin taasisaniinABUT’n waggoottan darban ummata Tigraayi gidiraa dhuma hin qabnee fi maraammartoo badii keessa galchuun alatti homaa akka isa hin fayyanne dubbataniiru. Adeemsi badii garichi itti jiru fedhii nagaa fi tasgabbii ummanni Tigraayi qabu waliin faallaa ta’uu dubbataniiru. Yeroo haalli biyyaalessaa fi idil addunyaa jijjiirame kanatti gaggeessitoonni ABUT ilaalcha siyaasaa moofaa fi dhiphaa keessatti kufanii akka jiran ibsaniiru. Badiin waggoottan darban naannicha keessatti qaqqabe murtee ABUT dogoggoraarraa kan maddu ta’uu ibsaniiru. Gaggeessitoonni ABUT yeroo hundaa nuyi sirriidha jechuun yaaduun, gidiraa ummataa ifatti mul’atu akka hin hubanne isaan taasiseera jedhan. Gaggeessitoonni garichaa muraasni tooftaa hidhannoo waraanaa moofaan ala kan itti hin mul’annee fi umuriisaanii fixan carraa ummata Tigraayi addatti to’achuuf ka’uunsaanii gonkumaa dogoggora jedhaniiru. Dhaloonni ammaa yaada haaraa fi fedhii nageenyaa dhugaa akka qaban ibsuun, hoggantoonni garichaa yaada yeroon itti darbeen uummata gara jeequmsaatti galchuuf hojjechaa akka jiran ibsaniiru. Walii galtee Nagaa Piriitooriyaa waraana mudatee ture dhaabuu fi uummata gara jireenya idileetti deebisuuf akka ta’e ibsuun, hoggantoonni garee TPLF adeemsa waliigalticha aangoosaanii itti fufsiisuudhaaf jedhanii akka gufachiisan dubbataniiru. Lammiilee qe'eesaaniirraa buqqa'anii rakkoo keessa jiran gara qe'eesaaniitti akka hin deebine dhorkuun dantaa siyaasaatiif itti fayyadamaa akka jiran ibsaniiru. Hoggantoonni TPLF nagaa hin barbaanne uummata beelaa fi rakkootti dhiisanii jeequmsa irraa bu'aa argachuuf, daddabarsa seeraan alaa fi daldala warqii irratti bobba'aniiru jechuun ibsaniiru. Dargaggoota Tigiraay irratti garee kanaan Cunqursaa fi daba raawwatamuuf jecha barattoonni naannoosaanii dhiisanii godaanaa akka jiranis ibsaniiru. Amma immoo hoggantoonni garichaa nageenyaa fi dantaa uummata Tigiraay duubatti dhiisuun, diinota uummata Tigiraay waliin tumsa siyaasaa haaraa uumuunsaa gocha nama qaanessudha jedhaniiru. Akka Obbo Geetaachoon jedhanitti, hoggantoonni garee TPLF kufaatii akka dandeettii fi injifannootti ilaaluun farra uummataa ta'uusaanii eeranii, garichi badiisaa amane fudhachuurra, akka waan sirrii ta’eetti fakkeessuun uummata dogoggorsiisuu itti fufeera jedhaniiru. Gareen TPLF uummata Tigiraayiif badii, godaansa, dararaa fi rakkina malee waan haaraa kennuu danda'u tokkollee hin qabu jedhaniiru. Nageenyi waaraan kan dhufu garee badii kana murannoodhaan irratti qabsaa'uun qofa ta'uus dubbataniiru. Haala Kanaan uummannii fi dargaggoonni Tigiraay garee badii dantaa muraasaaf dhaabbate kana irratti qabsaa'uun naannicha gara nageenyaa fi misoomaatti deebisuu akka qaban waamicha dhiheessaniiru.  
Hulaa Galaanaa Itoophiyaarraa Seeraan Alaa fudhatame dhaloonni har’aa deebifachuuf dirqama qaba — Birgaadeer Jeneraal Hayiluu Gonfaa
Sep 17, 2026 824
Fulbaana 7/2019 (ENA)—Hulaa galaanaa Itoophiyaarraa karaa seeraan alaa fudhatame dhaloonni har’aa deebifachuuf dirqama seenaa fi seeraa akka qabu miseensi duraanii Raayyaa Ittisa Biyyaa, Birgaadeer Jeneraal Hayiluu Gonfaa ibsan. Birgaadeer Jeneraal Hayiluu Gonfaa Raayyaa Ittisaa Biyyaa Itoophiyaa keessatti sadarkaa hoggansaa garaagaraa irratti waggoota dheeraaf biyyasaanii tajaajilaniiru. Gaaffii Itoophiyaan hulaa galaanaa ofii ishee argachuuf dhiheessaa jirtu dhimma seeraa, seenaa, nageenya naannawaa, teessuma lafaa fi dinagdee bu’uura kan godhate ta’uu hayyoonni garaagaraa yeroo adda addaatti ibsaa turaniiru. Birgaadeer Jeneraal Hayiluu Gonfaanis ENA waliin turtii taasisaniin, Itoophiyaan hulaa galaanaa karaa seeraan alaa dhabuu ishee yaadachiisuun, ulaa galaanaa karaa seeraan alaa dhabde kana deebitee argachuuf bu’uura seenaa fi seeraa gahaa ta’e qabdi jedhaniiru. Kaayyoon Itoophiyaa kan nama biraa saamuu ykn mirga nama biraa sarbuu osoo hin taane, mirga seeraan qabdu deebifachuu fi faayidaa biyyaalessaa ishee karaa nagaa, seeraa fi waliigaltee irratti hundaa’een mirkaneessuu akka ta’e ibsaniiru. Addunyaarratti biyyoota ummata miliyoona 130 ol qaban keessaa Itoophiyaan qofatu hulaa galaanaa irraa guutummaatti daangeffamee jiraachuu eeranii, biyyattiin Galaana Diimaa irraa fageenya kiiloo meetira 50 gadiitti kan argamtu ta’us, hulaa galaanaa dhabuun ishee waan fudhatama hin qabne ta’uu himaniiru. Haalli kunis faayidaa biyyaalessaa biyyattii irratti dhiibbaa guddaa geessisaa jiraachuu ibsaniiru. Waggoottan muraasaan dura Itoophiyaan hulaa galaanaa lamaa fi isaa ol kan qabdu ta’uu yaadachiisuun, dogoggora seenaa keessatti raawwatameen hulaa galaanaa irraa adda baafamuu ishee himaniiru. Hulaa galaanaa Itoophiyaarraa seeraan alaa fudhatame kana dhaloonni har’aa deebifachuuf dirqama seenaa fi seeraa qaba jedhaniiru. Guddinni dinagdee Itoophiyaa yeroo gara yerootti ariitiin guddachaa kan jiruufi baay’inni uummata ishees haalaan dabalaa waan jiruuf, biyyattiin hulaa galaanaa ofii ishee kana keessummeessuu argachuun dirqama ta’uu himaniiru. Kanaaf, gaaffiin hulaa galaanaa ofii ishee argachuu Itoophiyaa karaa nagaa fi dippilomaasiin deebii akka argatu hojjechuun filannoo jalqaba ta’uu akka qabu himanii, yoo kun milkaa’uu baates, dhaloonni har’aa seenaa fi seera bu’uureffachuun, miidhaan caalu osoo hin mudatiin, furmaata waaraa argachuu qaba jedhaniiru.
Olkaa'insi Itoophiyaa Haaromsa Afrikaa kan labsuudha – Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa
Sep 16, 2026 1086
  Itoophiyaan bara haaraatti faayidaa biyyaalessaa isheef dursa kennuun, akkasumas sagalee dhugaa Afrikaanota ta’uu eegalteetti. Haala walxaxaa fi jijjiiramaa ji’oopoolitikaa addunyaa keessatti imaammata hariiroo alaa cimaa fi walaba ta’e hordofuun miseensa BRICS ta’uu kan dandeesse Itoophiyaan, Yaa’ii Hoggantoota BRICS 18ffaa Niiwuu Deelii, Indii keessatti gaggeeffamerratti, fakkeenya ta’uu ishee fi dhageettii tarsiimawaa qabdu qabatamaan mirkaneessiteetti. Yaa’iin mata-duree “Cichoomina, kalaqa, tumsa fi itti fufiinsa ijaaruu” jedhuun gaggeeffame kun, Itoophiyaan biyyoota miseensotaa fi biyyoota michuu waliin hariiroo gama hedduu qabdu gara sadarkaa olaanaatti ceesisuu fi sirna addunyaa haqaa fi hunda galeessa ta’e ijaaruuf kutannoo qabdu ifatti kan mul’ise ture.   Itoophiyaan waltajjicharratti ejjennoo mul’isteen, biyyoonni rakkooleen osoo hin uumamin dura dandeettii isaan dandamachuu cimsachuu akka qaban xiyyeeffannoo kenniteetti. Kana ilaalchisee, Itoophiyaan mirga wabii nyaataa mirkaneessuuf tattaaffii taasisteen, hirkattummaa gargaarsa alaa irraa argamuun qamadii galchuurraa guutumaan guutuutti bilisa ta’uu ishee beeksisteetti. Akkasumas, waljijjiirraa midhaan nyaataa “BRICS Grain Exchange” keessatti oomishtuu fi dhiyeessituu taatee hirmaachuuf qophii ta’uu mirkaneessiteetti. Waltajjicharratti Itoophiyaan damee teeknooloojii fi kalaqaatiin bu’uuraalee misoomaa dijitaalaa, Waraqaa eenyummeessaa dijitaalaa, sirnoota kaffaltii fi marsariitiiwwan odeeffannoo amanamoo bal’inaan ijaaraa jiraachuu ibsiteetti. Afrikaan bara teeknooloojii egeree abbummaan hoogganuu kan dandeessisu Yuunivarsiitii Hubannoo Namtolchee Ida’amuu hundeessaa jiraachuu eeruun, dhaabbilee BRICS wajjiin waliin hojjechuuf qophii ta’uu mirkaneessiteetti. Afrikaan qabeenya albuudaa hedduu kan qabdu ta’uu yaadachiisuunis, qabeenyi albuudaa ce’umsa anniisaa, oomisha sadarkaa olaanaa fi dinagdee dijitaalaatiif murteessaa ta’uu Itoophiyaan ibsiteetti. Biyyoonni miseensa BRICS ta’an kaappitaalaa, teeknooloojii fi filannoowwan gabaa waan qabaniif, qabeenya kana walitti qindeessuun itti fayyadamuuf, akkasumas oomisha dheedhii irratti sona dabalataa uumuuf carraa guddaa akka uumu agarsiifteetti.   Itoophiyaan damee fayyaatiin dandeettii oomishaa ishee babal’isaa jiraachuu fi albuuda, anniisaa haaromfamaa fi dandeettii indaastirii guddachaa jiru irratti hirmaannaa fi tumsa uumuuf qophii ta’uu mirkaneessiteetti. Dabalataanis, Daandiin Qilleensa Itoophiyaa Afrikaa fi addunyaa walitti hidhuuf carraa guddaa ta’uu, biyyoota ollaattif dhiyeessiin anniisaa taasifamuun, akkasumas Finfinneen teessoo Gamtaa Afrikaa ta’uun walitti hidhamiinsa ardii fi addunyaa keessatti gahee Itoophiyaan qabdu ifatti kan agarsiisan ta’uu waltajjicharratti ibsiteetti. Sirna faayinaansii addunyaa ilaalchisee, Itoophiyaan haaromsa dinagdee gaggeessaa fi liqii alaa ishee irra deebiin qindeessuuf hojjechaa jiraachuu ibsiteetti. Dinagdeewwan qormaata keessa jiranif adeemsi qoodinsa liqii saffisaa, ifaa fi kan tilmaamamuu danda’u ta’uu akka qabu yaadachiifteetti. Akkasumas, biyyoonni guddachaa jiran dhaabbilee faayinaansii idil-addunyaa keessatti bakka bu’ummaa haqaa, dhageettii isaanii mirkaneessu fi bu’aa qabatamaa fidu qabaachuu akka qaban waamicha dhiyeessiteetti. Yaa’ii kanarratti hirmaannaa dammaqinaa qabu taasisteen, Itoophiyaan miseensa Dhaabbata Daldalaa Addunyaa (WTO) akka taatu, Mana Maree Dhaabbata Siivil Aviyeeshinii Idil-addunyaa (ICAO) keessatti teessoo dabalataa akka argattu, akkasumas Yaa’iin Idil-addunyaa Jijjiirama Haala Qilleensaa (COP32) Finfinneetti akka gaggeeffattuuf deeggarsa argatteetti. Kana malees, Baankii Misoomaa Haaraa (NDB) Waajjira isaa Finfinneetti akka banamu fi dhimmoota dursa kennamaniif gara waliigalteeatti jijjiiruuf “Qindeessaan BRICS” akka hundeeffamuuf yaada dhiyeessiteef fudhatamni bal’aan argameera. Hojiiwwan dipilomaasii bal’aa waltajjii BRICS cinatti gaggeeffaman keessaatti mariin hoggantoota addunyaa waliin taasifame, faayidaa biyyaalessaa eeguufi tumsa cimsuu irraatti milkaa’ina guddaan kan galmaa’e ture. Pirezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin waliin, hariiroo tarsiimawaa Itoophiyaa fi Raashiyaa gidduu jiru caalaatti cimsuu irratti mariin bu’a qabeessi gaggeeffameera. Mariin kun dameewwan ittisaa fi nageenyaa, daldalaa fi invastimantii, barnootaa, teeknooloojii, akkasumas aadaa fi hariiroo uummataa fi uummataa irratti tumsa jiru guddisuuf kutannoo waloo mirkaneesseera. Dabalataanis, qophii COP32, jijjiirama haala qilleensaa fi galmoota misoomaa irratti tumsa cimsuuf waliigaltee uumuun danda’ameera. Ministira Muummee Indii Naareendiraa Moodii waliin immoo, tumsa ittisaa cimsuu, dabarsa teeknooloojii, ijaarsa dandeettii fi misooma albuudaa irratti mariin gaggeeffameera. Hariiroo seenaa dheeraa biyyoota lamaanii gara sadarkaa qabatamaa dinagdee fi misoomaatti ceesisuun akka danda’ame ibsameera. Akkasumas, Ministira Muummee Maaleezhiyaa Anwaar Ibraahiim waliin invastimantii, turizimii, tumsa anniisaa haaromfamuu danda’uu fi muuxannoo damee oomishaa irratti mariin gaggeeffamee, misooma biyya keessaa kan deeggaru carraan guddaan akka banamu taasifameera. Dhaalaa Gonfoo Mootummaa Abuu Dhaabii, Sheek Khaalid bin Mahaammad bin Zaayid Al Naahyaan, waliin dhimmoota dursaa BRICS fi tumsa gama hedduu irratti mariin gaggeeffameera. Pirezidaantii Iraan Mas’uud Pezeezhkiyaan waliin immoo haala yeroo naannawa Galaana Diimaa, tasgabbii nageenyaa naannichaa, akkasumas daldala, dinagdee fi misoomaa irratti waljijjiirraa bu’aa waloo irratti hundaa’e caalaatti babal’isuuf waliin hojjechuurratti waliigalteen irra ga’ameera. Walumaagalatti, Itoophiyaan Yaa’ii Hoggantoota BRICS 18ffaa irratti hojii dippilomaasii tarsiimawaa gaggeessitee fi bu’aawwan qabatamaa galmeessite, jijjiirama dippilomaasii fi dinagdee yeroo dheeraa biyyattii dhugoomsuuf utubaawwan murteessoo ta’aniiru. Mootummaan waltajjii seena qabeessa kanarratti Itoophiyaan miseensummaa BRICS fayyadamuun faayidaa tarsiimawaa ishee ija jabinaan akka gaafattu, akkasumas misooma Afrikaa, nageenyaa fi tumsa addunyaa haqa qabeessa ta’eef michuu amanamaa ta’uu ishee qabatamaan mirkaneeteetti.Olka’iinsi Itoophiyaa Haaromsa Afrikaa labsaa jira! Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa
Qormaatawwan Naannichatti mul’atan waaraan furuu Keessatti kutannoon waloo biyyootaa murteessaadha — Dr. Warqinaa Gabayyoo
Sep 16, 2026 836
  Fulbaana 6/2019 (ENA) — Qormaatawwan naannichatti mudachaa jiran waaraan akka furamaniif tokkummaa fi kutannoon waloo biyyoota miseensotaa murteessaa ta’uu Barreessaan Olaanaa Dhaabbata Walta’iinsa Misooma Biyyoota Baha Afrikaa (IGAD) Dr. Warqinaa Gabayyoo ibsan. Manni Maree Ministirootaa IGAD walga’ii ariifachiisaa isaa 74ffaa har’a Jibuutii keessatti gaggeesseera. Walga’icharratti ministiroonni dhimma alaa fi bakka bu’oonni biyyoota miseensa IGAD hirmaataniiru. Walga’icharratti nageenyaa fi tasgabbii naannichaa akkasumas dhimmoota ijoo biroo irratti mariin taasifameera. Barreessaa Olaanaan IGAD Dr. Warqinaa Gabayyoo yeroo kanatti akka jedhanitti, qormaatawwan naannichatti mudachaa jiran waaraan furuuf tokkummaa fi kutannoon waloo biyyoota miseensotaa murteessaa dha.   Hojiiwwan misoomaa fi nageenyaa Sekireetariyaatiin IGAD raawwataman bu’aa jajjabeessaa argamsiisaa jiraachuu ibsuun, dhaabbanni kun badhaadhina uummata naannichaa mirkaneessuuf kutannoo cimaa qabaachuu beeksisaniiru. Qormaatawwan garaagaraa ji’oo-poolitiksii jiraatanillee, raawwii hojii Sekireetariyaatii IGAD ji’oota jahan darban keessatti galmeesse kan nama jajjabeessu ta’uu dubbataniiru. Hojiilee bu’uuraalee misoomaa fi damee fayyaa naannichaa keessatti galmaa’an kaasuun, sirni odeeffannoo bishaan lafa jalaa naannichaa tajaajila gahumsaa fi qaqqabummaa fooyya’aa galmeessuu ibsaniiru. Akkasumas, indeeksii haguuggii fayyaa addunyaa naannichaa dhibbeentaa 60 irraa gara dhibbeentaa 65tti olka’uu fi kunis karoora bara 2027tti dhibbeentaa 70tti guddisuuf qabame galmaan ga’uuf kan dandeessisu ta’uu kaasaniiru. Gama biraatiin, Sudaan gara miseensummaa guutuu IGADtti deebi’uun tumsa fi tokkummaa naannichaa daran cimsuuf gahee olaanaa qabaachuu ibsaniiru. Barreessaan Olaanaa kun yeroo Adoolessa 2026 Sudaan daawwatanitti, Waajjirri Buufata IGAD Sudaanitti argamu irra deebi’uun ifatti banamuu yaadachiisuun, tarkaanfiin kun walitti dhufeenya kallattii fi waaraa IGAD’n uummata naannichaa waliin qabu daran cimsuun akka itti fufu kan taasisu ta’uu ibsaniiru. IGAD Gamtaa Afrikaa, dhaabbilee Mootummoota Gamtoomanii fi michoota tarsiimawaa biroo waliin hariiroo qabuun misooma waaraa naannichaaf murteessaa ta’uu dubbataniiru.   Tumsi kun dandeettii biyyoota Baha Afrikaa cimsuu keessatti gahee olaanaa akka qabuus kaasaniiru. Balaa jijjiirama qilleensaa gara fuulduraatti uumamuu danda’u sirna akeekkachiisa duraa cimsuun dandamachuuf hojmaatawwan barbaachisoo qophaa’aa jiraachuu ibsaniiru. Biyyoonni balaa jijjiirama qilleensaa El Ninoon fiduu danda’u hir’isuuf hojiiwwan qophii duraa cimsuu akka qaban hubachiisaniiru. Gama biraatiin, naannicha hubannoo namtolchee waliin walitti hidhuu fi bu’uura misoomaa teeknoolojiin deeggaramu diriirsuuf hojiiwwan jalqabaman abdachiisaa ta’uu ibsaniiru. Walga’ichi nageenya, tasgabbii fi guddina diinagdee waliigalaa naannichaa saffisaafi bu’a qabeessa taasisuuf dhimmoota biyyaalessaa fi naannawaa irratti mari’achuun, murteewwan dabarsuun xumuramuu odeeffannoon ENAn Sekireetariyaatii IGAD irraa argate ni mul’isa. Manni Maree Ministirootaa IGAD caasaalee imaammataa ijoo dhaabbatichaa keessaa tokko yoo ta’u, hojiiwwan dhaabbatichaa qindeessuu fi biyyoota miseensotaa gidduutti tumsa jiru cimsuu keessatti gahee olaanaa kan qabuudha
Guyyaa lammaffaa Yaa'ii BRICS 18ffaa
Sep 14, 2026 1365
Yaa’iin BRICS 18ffaa Fulbaana 2, 2019 eegalerratti ministirri muummee Abiyyiy Ahimad (PhD) fi jilli isaanii irratti hirmaachuun kan yaadatamudha. Yaa’ichi guyyaa lammaffaa Fulbaana 3, 2019, mata duree “Ijaarsa dandamachuu, kalaqa, tumsaa fi itti fufiinsa” jedhuun gaggeeffameera. Walgahii kanarratti hoggantoonni biyyoota miseensa BRICS fi michuu, akkasumas hoggantoonni dhaabbilee idil-addunyaa adda addaa hirmaataniiru. Walgahiin kun ibsa waloo qabxii 140 (Labsii Niiw Deelii) baasuun xumurameera. ‎ Labsiin BRICS ‘New Delhi’ kun haaromsa bulchiinsa idil-addunyaa, nageenya idil-addunyaa fi naannoo, guddina dinagdee itti fufiinsa qabuu fi hariiroo ummataa dabalatee dhimmoota ijoo irratti ejjennoo waloo biyyoonni miseensa ta’an yaada kan dhiyeessan ta’uu ibsameera. Itiyoophiyaan Dhaabbata Daldala Addunyaatti makamuuf carraaqqii taasiftu gamtaan kun deeggarsa cimaa kan taasisu ta’uu ibsuun, akkasumas Itiyoophiyaan Mana Maree Dhaabbata Siiviil Aviyeeshinii Idil-addunyaa keessatti teessoo dabalataa argachuuf carraaqqii taasiftu kan deeggaru ta’uu ibsameera. Itiyoophiyaan jalqabbii biyyattiin fi qophii konfiraansii jijjiirama qilleensaa ‘COP32’f taasiftu deeggarsa qaban irra deebi’anii mirkaneessaniiru. Gamtaan kun yaa’ii BRICS 19ffaa Chaayinaan akka keessummeessuus waliin raggaasiseera. ‎ Walgahii Hooggantootaa cinaatti Ministirri Muummee Abiyyi Ahimad (PhD) hoggantoota biyyoota miseensaa fi michuu ta’an waliin tumsa biyyoota lamaanii irratti marii bu’a qabeessa taasisaniiru. Walta’iinsa daldalaa fi invastimantii, tumsa ittisaa fi dijitaalaayizeeshinii irratti gadi fageenyaan kan mari’atan ta’uu ibsameera. ‎ Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad hooggantoota biyyoota miseensa ‘BRICS’ adda addaa fi michuu ta’an waliin irbaata erga qooddatanii booda; walgahii BRICS guyyoota lamaaf gaggeeffamaa ture xumuranii gara biyyaatti deebi’aniiru. #PMOEthiopia

Hawaasummaa
Dhiibbaa sababa jijjiirama haala qilleensaa idil addunyaan dhufuu danda’u qolachuuf qophiin taasifameera
Sep 19, 2026 291
Fulbaana 9/2019 (ENA)- Dhiibbaa sababa jijjiirama haala qilleensaa idil addunyaan dhufuu danda’u qolachuuf qophiin taasifamuusaa komishiniin hooggansa hojii soda balaa Itiyoophiyaa beeksise. Elniinoon sadarkaa idil addunyaatti ho’i akka dabaluu fi haalli qilleensaa akka jijiiramu akka taasisu dhaabbanni mitiyoorooloojii addunyaa beeksiseera. Mudannoon kun Afriikaa bahaa fi Itiyoophiyaa bakkeewwan tokko tokkotti hongee guddaa, bakkeewwan birootti ammoo lolaa guddaa uumuu akka danda’u odeeffannoowwan garagaraa ni mul’isu. Itti aanaan komishinara komishinii hooggansa hojii soda balaa Itiyoophiyaa obbo Ayidrus Hasan ENA’f akka ibsanitti, Elniinoon kanaan dura wagga kudhanii fi shan keessatti irra deddeebi’ee mudateera. Balaa Elniinoo Kanaan dura Afriikaa bahaa keessatti mudaterraa wanti hedduun baratamuu ibsaniiru. Odeeffannoowwan inistiitiyuutii idil addunyaaa fi Itiyoophiyaarraa argaman akka hubachiisanitti, bara 2018/19 Elniinoon haaraan akka mudatu ni eegama. Kanarraa ka’uun komishinichi dhiibbaa kana hir’isuuf hojiiwwan haal duree walii galaa bal’inaan hojjechaa jira jedhaniiru. Dhaabbatichi rakkoo yeroof mudatu furuu qofa osoo hin ta’iin, rakkoolee fulla’aa furuuf dandeettiisaa guddifachaa akka jiru beeksisaniiru. Sadarkaa biyyaatti ammi Elniinoof saaxilamuun ammam akka ta’e adda baasuuuf, hir’isuu fi damdamachuu dandeessisu tarsiimoo qopheessuusaa ibsaniiru. Miidhaawwan sababa hir’ina roobaatiin mudatan dursanii qolachuuf qindeessummaa komisinichaatiin sektaroota federaalaarraa amma caasaa gadiitti jiran waliin hojiileen haal duree hojjetamaa akka jiran dubbataniiru. Balaa lolaa sababa Elniinootiin kibba bahaa fi kibba Itiyoophiyaatti mudachuu danda’u waliin wal qabatee sadarkaa federaalaa fi naannootti qophiin nyaataa, meeshaalee garagaraa fi meeshaaleen battalia taasifamaa jiraachuu ibsaniiru. Balaawwan uumamaa fi nam-tolchee Itiyoophiyaa keessatti mudatan ofiin damdamachuuf dandeettiin dabalaa jira. Deeggarsa namoomaa dandeettii ofiitiin qaqqabsiisuurra darbee biyyoota biraafillee deeggarsa kan taasisu dhaabbata ‘Itiyoophiyaa eed’ jedhamu hundeessuuf qophiin taasifamaa jira jedhaniiru. Sirna ofeeggannoo duraa cimsuu fi ammayyeessuuf qooda fudhattoota biro waliin qindaa’uun wiirtuun qindeessaa yeroo hatattamaa biyyaalessaa dhaabbachuusaa ibsaniiru. Qophiilee fi hojmaattonni haaraan taasifaman dandeettii biyyattiin balaa damdamachuuf taasiftu fulla’insaan akka cimsu ibsaniiru.
Godina Boorana bahaatti namoonni kuma 57 caalan fayyadamaa inshuraansii fayyaa hawaasaa ta’aniiru
Sep 18, 2026 318
Fulbaana 8/2019 (ENA)- Godina Boorana bahaatti namoonni kuma 57 caalan fayyadamaa inshuraansii fayyaa hawaasaa ta’uusaanii waajjirri fayyaa godinichaa ibse. Inshuraansiin fayyaa hawaasaa kutaaleen hawaasaa galii xiqqaa fi jiddu galeessaa qaban yeroo dhukkubsatan baasii waldhaansaa guddaaf akka hin saaxilamnee fi waldhaansa barbaachisu gatii xiqqaan akka argatan yaadamee kan sirneeffamedha. Godina Boorana bahaatti hubannoo hawaasaa cimsuun akkasumas kaffaltii miseensummaa si’achiisuun inshuraansii fayyaa aanaalee fi gandoota baadiyyaa hundatti babal’isuuf hojjetamaa tureera. Waajjira fayyaa godinichaatti qindeessaan qabeenya maddisiisuu fi hirmaannaa hawaasaa obbo Nagaash Qananii, barana abbaa warraa kuma 102 ol fayyadamaa inshuraansii fayyaa taasisuuf yaadamee hojiin eegalamuu ibsaniiru. Hojii amma ammaatti hojjetameen bulchiinsa magaalaa Nagallee Booranaa dabalatee aanaalee godinichaa hundatti namoonni kuma 57 fi 453 fayyadamoo inshuraansii fayyaa ta’uusaanii eeraniiru. Kanneen keessaa kuma 7 fi 450 ol kan ta’an miseensota haaraa tajaajila inshuraansii fayyaa argatan ta’uu ibsaniiru. Abbootiin warraa kuma 50 fi 100 fayyadamoo inshuraansii fayyaa kan turanii fi waraqaa eenyummaa tajaajilichaa kan haaromsan miseensota duraanii ta’uu eeraniiru. Aanaa fi bulchiinsi magaalaa harka qalleeyyii kuma 12 fi 54’f kafaltii duraa kaffaluufii eeraniiru. Tajaajilli kun hospitaalota godinichaa 3 fi buufataalee fayyaa 28 keessatti tajaajilli waldhaansaa guutuun tolan kennamaa akka jiru qindeessaan kun mirkaneessaniiru. Kana malees Hospitaalota ispeeshaalaayizdii Hawaasaa, Meeggaa, Moyyaalee, Yaa’aballoo, Dalloo Mannaa, Gobbaa fi hospitaala rifaraalaa Gobbaa waliin walii galtee mallatteessanii hojjechaa akka jiran dubbataniiru. Magaalaa Nagallee Booranaa dabalatee aanaaleen hundi mana qorichaa hawaasaa haaraa 13 banuusaanii ibsaniiru. Bardheengaddaa godinichatti namoonni fayyadamoo inshuraansii fayyaa ta’an kuma 370 fi 273 tajaajila fayyaa tolaan argachuusaanii beeksisaniiru. Fayyadamtoota keessaa jiraattuun magaalaa Nagallee Booranaa adde Ababachi Warquu; kaffaltii duraa kan waggaa kaffaluudhaan maatiisaanii sadii waliin wagga guutuu inshuraansii fayyaa fayyadamuusaanii ibsaniiru. Jiraattuun magaalichaa adde Taarukuwaa Damisee miseensa inshuraansii fayyaa waan ta’aniif rakkoo tokko malee tolan waldhaansa argachuusaanii dubbataniiru. Tajaajilli inshuraansii fayyaa baasii qorannoo, qorichaa fi kanneen biroo waan danda’uuf rakkoo dinagdee kan furu akka ta’e ibsaniiru.
Diinagdee
Gaaffiin Mirga abbummaa Hulaa Galaana Itiyoophiyaa gaaffii nageenya naannawichaa mirkaneessuu fi jiraachuu fi jiraachuu dhabuuti
Sep 20, 2026 80
Fulbaana 10/2019 (ENA): Gaaffiin Mirga abbummaa Hulaa Galaana Itiyoophiyaa gaaffii nageenya naannawichaa mirkaneessuu fi jiraachuu fi jiraachuu dhabuuti ta’uu hayyoonni dubbatani. Itiyoophiyaan hula galaanaa mataashee kan qabdu turte shira irratti dalagameen kan mulqamte, baay’ina ummataa amma qabduu fi guddina dinagdee saffisaan guddachaa jiru waliin qabeenya uumamaa ishee deeffachuun dirqamadha. Yeroo ammaa dhimmi abbummaa buufata galaanaa dhimma Itoophiyaa qofa osoo hin taane, hawaasa addunyaa irraas deeggarsa bal’aa argateera. Mootummaan dhimma haqaa fi misoomaa kana karaa dippilomaasii, karaa nagaa fi walitti dhufeenya diinagdee cimsuun dhugoomsuuf carraaqqii addaan hin cinne gochuu itti fufee jira. Yunivarsiitii Finfinneetti barsiisaa fi qorataan Federaalizimii fi Bulchiinsa kan ta’an Dr. Tasfaayee Jimaa ENA waliin turtii taasisaniin akka himanitti,Dhimmi Galaana Diimaa Itoophiyaaf madda daldalaa fi galii caalaa dhimma birmadummaa fi lubbuuti jedhani. Daldala biyyattii babal’isuu fi misooma qonnaa fi qurxummii ishee guddisuuf buufanni galaanaa kuni gahee murteessaa qaba. Kana malees, carraan ji’oopoolitikaa baay’ee barbaachisaa ta’e kun dhiibbaa dippilomaasii fi siyaasaa Itoophiyaan naannichaa fi dirree idil-addunyaa irratti qabdu haalaan cimsa. Kanaaf Hulaa Galaana Diimaa argachuun dhimma bu’uuraa nageenya bal’aa fi misooma itti fufiinsa qabu biyyattiif wabii ta’edha. Akkaadaamii Hooggansaa Finfinneetti dursaan qorattootaa obbo Solomoon Tafarraa akka himanitti, Gaaffii abbummaa hula galaanaa Itoophiyaa sirriitti hubachuuf achii dhuftee seenaa, seeraa fi ji’oopoolitikaa qorachuun barbaachisaadha jedhani. Haalli nageenyaa fi siyaasaa naannichaa haalaan jijjiiramaa ta’e keessatti abbummaan buufata galaanaa Itoophiyaaf dhimma lubbuun jiraachuu fi birmadummaa murteessaa ta’uus eeraniiru. Kanaafis hayyoonni odeeffannoo qorannoon deeggaramee maddisiisuu fi waltajjiiwwan idil-addunyaa irratti fedhii biyyattii irratti hubannoo uumuun faayidaa biyya isaaniitiif gumaacha gaarii taasisuu danda’u. Dura taa’aan Waltajjii Tarsiimoo Abbayyaa fi Galaana Diimaa Dr. Abbabaa Gammachuu akka jedhanitti,Hayyoonni dhaabbata tokko keessatti walitti qabamanii dhimma abbummaa galaanaa Itoophiyaa qorannoo fi qo’annoodhaan yaada imaammataa maddisiisuun, waltajjiiwwan ardiilee fi idil-addunyaa irratti kaasuu qabu jedhani. Dhimma kana galmaan gahuuf Waltajjiin Tarsiimoo Abbayyaa fi Galaana Diimaa kan hundeeffame ta’uu eeruun, qorannoo gama teessuma lafaa, baay’ina ummataa, walqixxummaa fi walitti hidhamiinsa naannootiin gaggeessuun yaadota dantaa biyyattii tajaajilan maddisiisaa akka jiru ibsaniiru. Itiyoophiyaan dhimma abbummaa galaanaa irratti dippilomaasii karaa nagaa fudhatte itti fufsiisuudhaan gaaffii dhimma hula galaanaa ishee jabeessitee tarkaanfachiisuuf dandeettii qabdus dinqisiifannaa qaban ibsaniiru. Miidiyaa Dijitaalaa ENA hordofaa- https://www.ena.et/web/links
Abbummaa Hulaa Galaanaa Itoophiyaa Mirkaneessuun Imaanaa Dhaloota Kanaati  
Sep 18, 2026 478
Galaanni Diimaa Itoophiyaaf qaama bishaanii fi hula galaanaa qofa hin turre; waggoota kumaatamaan lakkaa’aman keessatti bakka daldalaa, qaroominaa, amantii fi aadaan itti mul’atu, akkasumas karaa Itoophiyaan addunyaa waliin walitti dhufeenya ittiin taasiftu ture. Qaroominni Aksuum, karaa magaalaa qarqara Galaana Diimaa irratti argamtu buufata doonii Adulisitti qubachuun, Biyyoota Arabaa irraa kaasee hanga galaanaa Meeditiraaniyaanii, Garbaa Hindii irraa kaasee hanga qarqara galaanaa Afrikaa jiranitti walitti hidhamiinsa bal’aa ture keessatti gahee olaanaa qaba ture. Kunis Itoophiyaan abbummaa hulaa galaanaa fi giddugala daldalaa ta’uu ishee ifatti kan agarsiisu ragaa seenaa guddaadha. Itoophiyaan buufata dooniiwwan ishee Massawaa fi Assab humnaan erga jalaa mulqamtee fi geejjiba galaanaa Galaana Diimaa irraa erga addaan cittee waggoota dheeraa lakkoofsifteetti. Biyyi naannichatti qaroominaaf bu’uura taate, karaa daldalaa fi giddugala dippilomaasii turte, shira ilmaan ishee dabalate irratti raawwatameen miidhamteetti. Kanaaf, walitti dhufeenyi cimaa Itoophiyaan Galaana Diimaa waliin qabdu gaaffii siyaasaa yeroo ammaa qofa osoo hin taane, seenaa daldalaa fi qaroomina durii ishee waliin kan walqabatu, dhimma dhalootaa fi jiraachuu biyyaa ta’a. Gibtsii fi diinonni seenaa biroon, gareewwan biyya keessaa waliin qindaa’uun shira raawwataniin, Eertiraa Itoophiyaa irraa adda baasuun, olka’iinsa qaroominaa fi seenaa waggoota kumaatamaa qabdu akka dhabdu taasisan. Kunis biyyattii ummata miliyoona 130 ol qabdu, akkasumas guddina diinagdee saffisaa galmeessaa jirtu taate, sochii loojistikii ishee gufachiisuun, daldala galtee fi al-ergii akkasumas yaa’a invastimantii irratti danqaa uumeera. Akka odeeffannoon Baankii Addunyaa agarsiisutti, sochiin daldala galtee fi al-ergii Itoophiyaa keessaa dhibbeentaa 95 ol karaa Finfinnee–Jibuutii qofa irratti kan daangeffameedha. Kana malees, Galaanni Diimaa nageenyaa fi jiraachuu naannoo Afrikaa Baha wajjin walqabatee dhimma murteessaa ta’aa dhufeera. Itoophiyaan Galaana Diimaa irraa fageenya gabaabaa irratti argamti waan taateef, gaaffiin abbummaa hula galaanaa ta’uu ishee baay’ina uummataa, guddina diinagdee saffisaa, yaaddoo nageenyaa fi tasgabbii akkasumas dhimma jiraachuu biyyaa hunda kan ilaallatudha. Gaaffii Itoophiyaan abbummaa galaanaa ilaalchisee kaastu haqa-qabeessaa fi sababa irratti kan hundaa’edha. Kaayyoon isaas jiraachuu biyyaa mirkaneessuu, biyyoota biroo waliin faayidaa waliinii eeguun tumsa diinagdee, nageenyaa fi tasgabbii cimsuu, akkasumas badhaadhina waliinii mirkaneessuudha. Hidhi Guddichi Haaromsaa Itoophiyaa humnaa fi bu’uuraalee misoomaa karaa walitti hidhuun, Itoophiyaan waliin misoomuu fi guddachuuf fedhii cimaa qabdu kan agarsiisudha. Itoophiyaan waggoota hedduuf hidhaa ji’oopoolitika Galaana Diimaa keessatti dabarsite, dhaloota Abbayyaa keessatti xumuramuu qaba. Gaaffiin ishees karaa dippilomaasii biyyoota gamlamee fi qaamolee hedduu gidduutti gaggeeffamuun fudhatama argachaa, gara sadarkaa murteessaa “akkamitti hojiirra oola?” jedhuutti ce’uun dhugaa kana kan calaqqisiisudha. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad yeroo tokko miseensota Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf ibsa kennaniin, namni Itoophiyaan abbummaan hulaa galaanaa ta’uu hin qabdu jedhu nama seera uumamaa irraa maqe ta’uu ibsaniiru. Galaanni Diimaa fi Itoophiyaan bara baraan addaan ba’anii jiraachuu akka hin dandeenye, kana amanuunifi fudhachuun akka barbaachisu cimsanii dubbataniiru. Yaa’ii 18ffaa Hoggantootaa BRICS mat-duree “Dandamachuu, kalaqa, tumsa fi itti fufiinsa ijaaruu” jedhuun kan Niiwuu Deelii, Indii keessatti gaggeeffamerratti, abdii Itoophiyaan guddinaa fi badhaadhinaaf qabdu akkasumas carraa ishee gara fuulduraa ibsaniiru. Itoophiyaaf Hulaa galaanaa argachuun waan kamiyyuu caalaa dhimma diinagdee dursaa fi murteessaa ta’uu kan ibsan Ministirri Muummee, faayidaa biyyaalessaa Itoophiyaa fi sagalee Afrikaa dhageessisuuf barbaachisummaa dhimma kanaa hawaasa idil-addunyaatti ifatti himaniiru. Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti Ministirri Itti Waamamaan Mootummaa Dr. Tasfaayee Beelgijee, Kanaan dura ENA waliin turtii taasisaniin, Itoophiyaanonni dogoggora seenaa raawwatameen faayidaa biyyaalessaa dhalootaa bara baraaf turu ummatoota dabarsanii kennan akka hin taane ibsaniiru. Gaaffiin Itoophiyaa abbaa qabeenyaa galaanaa ta’uu ishee, karaa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ifatti erga dhiyaatee booda, komiin fi gaddi uummataa waggoota muraasaaf garaa uummataa keessatti kuufamee ture yeroo gabaabaa keessatti fudhatama argachuu isaa ibsaniiru. Itti aansuunis, dhimma faayidaa biyyaalessaa Itoophiyaarratti garaagarummaan yaadaa jiraachuu hin qabu kan jedhan Ministirichi, gaaffiin abbummaa hula galaanaa ta’uu akka deebii argatuuf tumsi fi tokkummaan murteessaa ta’uu ibsaniiru. Itti Aanaa Walitti Qabaa Koree Dhaabbi Dhimmoota Hariiroo Alaa fi Nageenyaa Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa Dr. Fatii Mahadii, gaaffiin Itoophiyaa abbummaa hulaa galaanaa ta’uu ishee tumsa naannawaa fi badhaadhina waliinii giddugaleessa kan godhate ta’uu ibsaniiru. Gaaffiin kun bu’uura seenaa, uumamaa, teessuma lafaa fi seeraa kan qabu ta’uu, guddina diinagdee fi fayyadamummaa uummataa mirkaneessuun daldalaa fi invastimantii mijeessuu wajjin kan walqabatu ta’uu ibsaniiru. Seerri Galaanaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi qajeelfamoonni isaa biyyoota buufata galaanaa hin qabne gara galaanaatti qaqqabuu fi itti fayyadamuuf mirga isaanii deeggaruuf keeyyataalee fi bu’uura seeraa akka qabanis ibsaniiru. Inistiitiyuutii Dhimma Alaatti Qorataa Olaanaan Gaanfa Afrikaa fi Ji’oopolitikaa Bishaanii, Dr. Gaashaw Ayifaram, gama isaaniin, gaaffiin abbummaa hulaa galaanaa ta’uu Itoophiyaa cabinsa seenaa sirreessuun Itoophiyaa seenaa fi qaroomina ishee isa maqaa guddaa qabu waliin deebitee walitti araarsuu wajjin kan walqabatu ta’uu ibsaniiru. Itoophiyaan walitti hidhamiinsa diinagdee naannawaa cimsuun, walitti hidhamiinsa diinagdee Afrikaa akka saffisuuf carraaqqii taasiftu keessatti abbummaa hula galaanaa mirkaneeffachuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. Gaaffiin abbummaa hulaa galaanaa ta’uu Itoophiyaa fudhatama idil-addunyaa argachaa jiraachuu eeruun, biyyoonni, dhaabbileen idil-addunyaa fi miidiyaaleen dhimma kana barbaachisaa ta’uu isaa sirriitti hubachaa akka jiran ibsaniiru.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Wiirtuun hubannoo nam-tolchee Yunivarsiitii Jimmaa barattoonni hojii kalaqaarratti akka hirmaatan deeggaraa jira
Sep 18, 2026 345
Fulbaana 8/2019 (ENA)- Wiirtuun hubannoo nam-tolchee Yunivarsiitii Jimmaa barattoonni beekumsaa fi hubannoo damee kanarratti qaban guddisuun hojiilee qorannoo fi kalaqaarratti akka hirmaatan deeggaraa jiraachuu ibse. Hubannoon nam-tolchee (AI) yeroo ammaa sadarkaa idil addunyaarratti dameelee teeknooloojii, dinagdee, fayyaa qonnaa fi barnootaarratti jijjiirama si’ataa fidaa kan jiru meeshaa kalaqaa isa ijoo ti. Itiyoophiyaatti karoora tiraanisfoormeeshinii dijitaalaa biyyaalessaa milkeessuu fi hirmaannaa industirii warraaqsaa guddisuuf dargaggoota beekumsa teeknooloojii olaanaa ta’e qaban horachuun dhimma murteessaa ta’a. Yunivarsiitiin Jimmaa cehumsa teeknooloojii idil addunyaa fi fedhii biyyaalessaa yaada keessa galchuun, dandeettii kalaqaa fi qorannoo barattootaa guddisuuf wiirtuu hubannoo nam-tolchee hundeessee hojjechaa jira. Yunivarsiitichatti daarektarri wiirtuu kanaa Injiinar Jaarmiyaa Baay’isaa akka jedhanitti, Hubannoon nam-tolchee Yunvarsiitichaa erga hundeeffamee kaasee beekumsaa fi hubannoo barattoonni dame Kanaan agarsiisan guddisuuf deeggarsa itti fufaa gochaa tureera. Barattoonni hojiilee kalaqaa fi moosaajii hubannoo nam-tolcheerratti hundaa’an akka hojjetan wiirtuun kun deeggarsa barbaachisu gochaa jiraachuu dubbataniiru. Barattoonni beekumsaa fi hubannoo garagaraa qaban bakka hojii tokkotti walitti dhufanii muuxannoo akka wal jijjiiran haala mijeessuusaa eeraniiru. Kana malees barattoonni wiirtuu kana keessatti shaakallii hojiirraa akka taasisan haala mijeessuudhaan, pirojektoota garagaraa hubannoo nam-tolcheen deeggaraman hojjechuun muuxannoo fi beekumsa qabatamaa akka argatan gochaa akka jiru daarektarichi dubbataniiru. Waggaatti al lama hubannoo nam-tolchee ilaalchisee dorgommii hakatoon qopheessuun, barattoonni kalaqaan akka dorgomanii fi badhaasa garagaraa akka argatan haala mijeessaa akka jiru ibsaniiru. Barattoonni mooraa Yunivarsiitichaan alattis hojiilee qorannoo fi kalaqaa hubannoo nam-tolcheen deeggaraman kan rakkoo hawaasaa furan irratti hirmaachaa akka jiran ibsaniiru. Kanneen keessaa dhibee Bunarratti mudatan dursanii adda baasuuf, furmaata kennuu fi sadarkaa Bunaa murteessuuf kan tajaajilu kalaqa “appii Daboo Bunaa” fakkeenya kaasaniiru. Pirojektii taphoota aadaa Roobootiksii fi hubannoo nam-tolcheen walitti qindeessuun dhiheessu, qabiyyee biyyoo adda baasuun akaakuu oomishaa mijataa kan agarsiisu “omishtuu Jooyi aappii” fi kalaqoonni fayyaa fi dhukkuba beelladaa hordofuuf hojjetaman akka keessatti argaman dubbataniiru. Hojiiwwan kunneen biyya keessaa fi sadarkaa idil addunyaatti badhaasa hedduu akka argamsiisan eeraniiru. Yunivarsiitii Jimmaarraa damee Kanaan kan eebbifamtee fi hojiiwwan kalaqaa garagaraa irratti hirmaachaa kan turte shamarree Ikraam Alqaadir, wiirtuu kana keessa turuunshee beekumsaa fi muuxannoo guddaa akka argattu akka ishee gargaare ibsiteetti. Yeroo ammaa dhaabbata dhuunfaa keessatti damee Kanaan hojii bu’a qabeessa hojjechuurratti argamti. Dargaggoo Adam Sa’id beekumsaa fi muuxannoo wiirtuu kanarraa argatetti fayyadamuun dhaabbata ‘kireetiiv hab’ keessa hojjechaa jira. Yeroo ammaa hojiilee moosaajii hojjechuurratti bobba’ee akka argamu ibsuun, wiirtuun hubannoo nam-tolchee Yunivarsiitii Jimmaa milkaa’ina argateef beekumsa bu’uraa guddaa akka gumaacheef eereera.
Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob bakkaa bakkatti socho’uun kennu deebii hatattamaa mootummaan ummataaf kennedha-tajaajilamtoota
Sep 18, 2026 226
Fulbaana 8/2019 (ENA)-Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob bakkaa bakkatti socho’uun kennu deebii hatattamaa fi kutannoo mootummaan ummataaf kenne kan mirkane ta’uu tajaajilamtoonni ibsan. Tajaajila wiirtuu tokkoo dijitaalaa bakkaa bakkatti socho’uun kennamu ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin Ebla 14 bara 2018 eebbifamee hojii eegaluunsaa ni beekama. Tajaajilli ammayyaa kun jiraattonni biirolee mootummaa garagaraa osoo hin dhaqiin, bakka jiranitti yeroo gabaabaatti dhimmasaanii raawwachuu akka danda’an haala mijataa uumeera uumeera. Dhimma kanarratti ENA’f yaada kan kennan keessaa obbo Taammiruu Asaffaa akka ibsanitti, tajaajilli Kanaan dura mootummaan kennu yeroo dheeraa kan fudhatuu fi bu’aa bayiif kan nama saaxilu ture. Amma garuu hojmaanni dijitaalawaa waan ta’eef daqiiqaa muraasa keessatti tajaajila si’ataa argachuu akka danda’an ibsaniiru. Keessumaa hojmaanni tajaajila dijitaalaa masoob bakkaa bakkatti socho’uun kennamu naannawa jiraatanitti tajaajila si’ataa akka argatan carraan argamuunsaa itti quufinsa caalaa akka uumeef dubbataniiru. Obbo Taammiraat Kabbadaa gamasaaniin, kenniinsi tajaajila dijitaalaa masoob bakkaa bakkatti deemuun kennamu simannaarraa eegalee hojmaata Kanaan dura turerraa si’ataa ta’uusaa eeranii, tajaajila argatanitti gammaduusaanii ibsaniiru. Obbo Waabalaa Hajiikadir tajaajila dijitaalaa Masoob bakkaa bakkatti deemuun tajaajila kennutti yeroo jalqabaaf tajaajilamuusaanii dubbatanii, tajaajila gama Kanaan kennamu yeroo gabaabaa fi hatattamaan argachuusaanii ibsaniiru. Tajaajila si’ataa kanaaf mootumma galateeffataniiru. Tajaajila dijitaalaa masoob bakkaa bakkatti deemuun kennamutti ogeessi kaawuntaraa immigireeshinii fi tajaajila lammummaa Darribee Faantaahun, Kanaan dura tajaajilamtoonni tajaajila argachuuf qaamaan gara dhaabbatichaa deemuuf akka dirqaman yaadataniiru. Tajaajila dijitaalaa masoob bakkaa bakkatti deemuun amma kennamaa jiruun dhaabbilee hedduu bakka tokkotti fiduun bakka tajaajila kennaa akka jiran ibsaniiru. Tajaajila dijitaalaa FDRI bakkaa bakkatti deemuun kennamutti ogeessa tajaajila yehulluu kan ta’an Haannaa Tafarraa, amma ammaatti kutaalee magaalaa Hunda dhaquun tajaajila kennuudhaan itti quufinsa tajaajilamtootaa mirkaneessaa jirra jedhaniiru. Hojii raawwachiisaan tajaajila masoob FDRI Yoonaas Alamaayyoo akka ibsanitti, tajaajiloota mootummaa Kanaan dura bittinnaa’anii turan dijitaalaayiz gochuun wiirtuu tokkotti kennuuf kan eegalame tajaajilli masoob akka biyyaatti bu’aa olaanaa fidaa jira. Namoonni gara wiirtuu Masoob qaamaan dhaquun tajaajilamu hin dandeenye bakka jiraatan dhaquun tajaajiluun haalli dandeessisu uumamuu dubbataniiru. Hojmaanni kun namoota qaamaan argamuu hin dandeenyeef carraa guddaa kan uume waan ta’eef fuulduras tajaajila kana bal’isuudhaaf xiyyeeffatamee akka hojjetamu obbo Yoonaas Alamaayyoo mirkaneessaniiru.
Masoob Tajaajilli Wirtuu tokkoo Jimmaa deddeebbii maamilaa fi qisaasama yeroo hambiseera
Sep 17, 2026 353
Fulbaana 7/2019 (ENA):Masoob tajaajilli wiirtuu tokkoo Jimmaa haala hojii isaa ammayyeessuun maamiltoonni dararaa fi qisaasama yeroo hanbisuun tajaajila ariifachiisaa argachaa jiraachuu isaanii ibsan. Tajaajilamtoonni magaalattii akka ibsanitti, Masoob tajaajilli wiirtuu tokkoon kennaman yeroo irraa gara yerootti cimaa, ammayyoomaa fi si’ataa dhufaniiru. Giddugali kun mana hojii hedduu iddoo tokkotti walitti waan fideef maamiltoonni waajjira irraa gara waajjiraatti deemuun dararama, baasii hin barbaachisnee fi qisaasama yeroo mudachaa ture hambisuu danda'eera. Jiraattota keessaa Obbo Tasfaaye Baqqala akka ibsanitti, tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob hojii eagaluusaan dura hojiin birookraasii fi qisaasama yeroo hin barbaachisneef saaxilamaa turuusaa ibsaniiru. Waggaa tokko keessatti dhimma tokko raawwachiisuuf ji'a ja'a ol deddeebi'aa kan turan ta'uu yaadachuudhaan, hundeeffamni giddugala kanaa rakkoo sana hambisuu keessatti jijjiirama guddaa fiduu isaa ibsaniiru. Dabalataanis, kanaan dura sekteroonni mootummaa giddugala kanatti hin makamne dabalataan hammatamanii tajaajila kennuu waan eegalaniif, dandeettii hojii fi haalli tajaajila ariifachiisaa kennuu giddugala kanaa caalaatti cimeera jechuun eeraniiru. Aadde Mareemaa Mahaammad gama isaaniitiin kanaan dura dhimmi tajaajila kennuu baay'ee nu yaaddessa ture jedhan. Dhaabbilee mootummaa keessatti hojiin seeraan ala ta'e dararaa fi qisaasama qabeenyaaf nu saaxilaa ture kan jedhan Aadde Mareemaan; har'a garuu gara giddugala tajaajila tokkoo Masoob yommuu deemnu amantaa guutuu fi gammachuudhaani jedhaniiru. Hojjettoonni giddugala kanaa dhimma maamiltootaaf xiyyeeffannoo guddaa kennuun isaanii fi tajaajilichi teeknoolojiin kan deegaramee fi si’ataa ta'uu isaa waan hundumaa olitti gammachiisaadha jedhaniiru. Tajaajilichi yeroo irraa gara yerootti ammayyoomaa dhufuus jiraattuu magaalaa Jimmaa kan ta'an Aadde Alamneesh Dikoo ibsaniiru. Dhimmoota adda addaa sadaniif gara giddugala kanaa dhufuu isaanii fi tajaajiloota sadanuu bakka tokkotti xumuranii deebi'uu isaanii akka fakkeenyaatti eeraniiru. Dargaggoo Miiftaa Abdulqaadir gama isaatiin Masoob giddugalli wiirtuu tokkoo harka qalleeyyii fi qaama miidhamtootaaf sirna mijataa fi sirrii ta'e diriirsuu isaa eeruudhaan, rakkoo malee seenee tajaajila sirrii argachuu danda'uu isaa dubbateera. Hojjettoonni tajaajila giddugala tokkoo Masoob Jimmaa Liinaa Abdullaaziizii fi Hanaan Amuutii; maamiltoonni gara dhaabbatichaa yommuu dhufan tajaajila xumuranii bahuuf daqiiqaa 10 hanga 15 qofa kan isaanitti fudhatu ta'uu ibsaniiru. Haalli hojii digitaalaa fi ariifachiisaa waan ta'eef maamiltoonni dararaa fi qisaasama yeroof kan hin saaxilamne ta'uu kan eeran hojjettoonni kunniin; hojjetaan hundi daqiiqaa tajaajila kenneen safaramee kan madaalamu waan ta'eef hanqinni tajaajilaa kamiyyuu kan hin uumamne ta'uu dubbataniiru. Itti aanaa hojii gaggeessaa tajaajila giddugala tokkoo Jimmaa Masoob Obbo Abdii Salamoon; giddugalli kun tajaajila kennuu erga eegale bara 2018 irraa eegalee hanga ammaatti lammiilee kuma 135 ol keessummeessuu isaa ibsaniiru. Akkasumas tajaajiloonni giddugala kanatti kennaman 135 irraa gara 139 kan ga'an ta'uu sekteroonni gara giddugala kanaatti galan immoo 25 irraa gara 29tti guddachuu isaanii ibsaniiru.
Imala Hubannoo Namtolchee Itoophiyaa
Sep 10, 2026 1957
Mootummaan Ida’amuu ergama teeknoolojii ammayyaa addunyaan bira geessee fi gahuuf jirtu teeknoolojii guddina dinagdee fi hawaasummaaf fayyadamuu qabu keessaa tokko kan ta’e Hubannoo Namtolchee (Artificial Intelligence - AI) teeknoolojii furtuu fi xiyyeeffannoo guddaa kennameefii hojjechaa jira. Itoophiyaan teeknoolojii kanaan addunyaa waliin tarkaanfachuun, humna dargaggootaa ijaaruu fi tajaajila uummataa ammayyeessuu irratti hojii seena-qabeessa raawwachaa jirti. Hojiilee gurguddoo fi dhaabbilee Hubannoo Namtolchee (AI) guddisuuf hojjetaman, fayyadamummaa lammiilee fi bifa biyyaas olkaasuun sadarkaa Afrikaa fi Idil-Addunyaatti guddisuun beekamtii argatteetti. Hojiilee gurguddoo Itoophiyaan agama kanaan hojjette ijoo isaanii isiniif dhiyeessina Itti dhiyaadhaa.   1. Dhaabbilee fi Inisheetiiviiwwan Hubannoo Namtolchee Gurguddoo (Key AI Institutions & Initiatives) Mootummaan bu'uura teeknoolojii fi beekumsaa uumuuf dhaabbilee fi sagantaalee gurguddoo armaan gadii diriirsee jira: Inistitiyuutii Hubannoo Namtolchee Itoophiyaa (Ethiopian Artificial Intelligence Institute - EAII): Bakkaa fi Dhaabbata: Finfinnee keessatti kan hundeeffame dhaabbata qorannoo fi misooma teeknoolojii hubannoo namtolchee (AI) ti. Gummaacha fi Hojii: Instityootiin kun fayyaa, qonna, tajaajila faayinaansii, fi seera kabachiisuu keessatti meeshaalee teeknoolojii AI fi algorizimoota biyya keessaa oomishaa jira. Keessattuu teeknoolojii afaanota biyya keessaa (Afan Oromo, Amharic, etc.) fi sirna adda baasa fuulaa (face recognition) ijaaruun tajaajila uummataaf dhiheessa.   Inisheetiivii Kooderoota Itoophiyaa Miliyoona 5 (5 Million Ethiopian Coders Initiative): Ergamaa fi Hojii: Dargaggoota biyya keessaa leenjii koodingii, barnoota AI (Artificial Intelligence), data science, fi ‘cloud computing’ toora intarnetaatiin leenjisuun dandeettii dijitaalaa isaanii guddisuuf sagantaa guddaa jalqabamedha. Hanga ammaatti karooraan ol hojjetaeera. Fayyadamummaa: Dargaggoota miliyoona hedduun lakka'amaniif teeknoolojii ammayyaa sadarkaa idil addunyaatti dorgomaa ta'an uumuu fi carraa hojii teeknoolojii dijitaalaatiin deeggarame bantee jira.   Teeknooloojii Daataa fi Muster AI (Tech Hubs & Data Centers): Ijaarsa giddugala Daataa sadarkaa idil addunyaa (National Data Center) fi bakka leenjii dargaggootaa uumuudhaan, hubannoo namtolchee irratti qorannoon akka babal’atuu fi oomishni teeknoolojii akka babal'atu deeggarsa ni kenna.   2. Fayyadamummaa Lammiilee Mirkanaa'e Teeknoolojiin AI yaad-rimee qofa ta'ee osoo hin hafiin, jireenya guyyaa guyyaa lammiilee irratti jijjiirama fidaa jira:   Sektaara Fayyaa keessatti: Hubannoo Namtolchee(AI) fayyadamuun fakkiiwwan yaala fayyaa (medical imaging/X-ray/CT scan) xiinxaluudhaan dhukkuboota akka kaansarii fi daranyoo sombaa dafee adda baasuu fi wallaansa saffisaa kennuuf deeggarsa gochaa jira. Sektaara Qonnaa keessatti: Hubannoo namtolchee fayyadamuun dhukkuboota biqilootaa fi gabbina biyyee balleessan xiinxaluudhaan qonnaan bultootaaf gorsa teeknoolojiin deeggarame kennuu, akkasumas lafa qonnaa sattalaayitiidhaan hordofuun bu’aa olaanaa kennaa jira. Afaanota Biyya Keessaa ammayyeessuu: AI fayyadamuun afaanota akka Afaan Oromoo fi Amaaraa toora intarnetiitiin hiikuun, dubbii ykn sagalee gara barreeffamatti jijjiiru (speech-to-text) fi qorannoo NLP (Natural Language Processing) irratti hojjechuun lammiileen afaan dhaloota isaaniitiin teeknoolojii akka fayyadaman taasisaa jira. Faayinaansii fi FinTech: Bankiilee fi dhaabbilee maallaqaa keessatti sirna AI fayyadamuun odeeffannoo soobaa (fraud detection) ittisuu fi tajaajila baankii toora intarnetan kennamu saffisiisuun tajaajila olaanaa kennaa jira.   3. Fakkeenyummaa Sadarkaa Afrikaa fi Idil-Addunyaatti Qabu   Hojiileen AI Itoophiyaa keessatti hojjetaman fakkeenyummaa fi dhiibbaa guddaa sadarkaa ardii fi addunyaatti uumanii jiru: Giddugaleessa Teeknoolojii Afrikaa (African AI Hub): Itoophiyaan Inistitiyuutii AI hundeessuun fi bajata guddaa itti ramaduun Afrikaa keessatti biyyoota muraasa teeknoolojii kanaan fuulduratti tarkaanfatan keessaa tokko taatee jirti. Biyyoonni Afrikaa biroonis muuxannoo fi qorannoo ‘EAII’ irraa muuxannoo horachuuf Itoophiyaa daawwachaa jiru. Biyyoonni Afrikaa muuxannoo AI Itoophiyaan galmeessifte kana gara biyyoota Afrikaa birootti akka babal’isaniif Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin Gamtaan Afrikaa Dursaa Damee Hubannoo Nam-tolchee (Artificial Intelligence - AI) fi Fayyaa Dijitaalaa taasisuun muude.   Beekumsaa fi Misooma Biyya Keessaa: Galteewwan Hubannoon Namtolchee addunyaa irratti oomishamu baay'inaan afaanotaa fi aadaa dhihaa irratti hunda'a. Itoophiyaan garuu teeknoolojii AI aadaa, afaan fi haala dinagdee Afrikaatiif ta'u oomishuu keessatti fakkeenya guddaa taatee jirti.   Yunivarsiitii Hubannoo Namtolchee: Itoophiyaan akka Afrikaatti isa jalqabaa kan ta’e yunivarsiitii hubannoo namtolchee hundeessuun waadaa galtee gara hojiitti seenteetti.   Dorgomtummaa Idil-Addunyaa: Dargaggoonni inisheetiivii leenjii AI fi koodarootaa baratan gabaa idil-addunyaa (remote jobs, global IT market) irratti dorgomuu danda'aniiru. Kaniinis Itoophiyaa biyya teeknoolojii ammayyaatiin beekamtuu fi qophii qabdu gochuu keessatti gahee guddaa taphachaa jira. Walumaagalatti, mul'atni Mootummaa Ida'amuu AI irratti qabu Itoophiyaa teeknoolojii biyya biraatii Bitattuu qofa osoo hin taane, teeknoolojii Oomishtuu fi kalaqxua sadarkaa Afrikaa fi idil addunyaatti akka taatu gochuuf bu'uura cimaa kaa'eera. #Ena-Afaan -Oromoo #Ena#
Ispoortii
Taphoota har’aa Maanchistar Siitiin Saandarlaandii waliin, Fuulhaam Maanchistar Yunaayitid waliin fi Boornemaawuz Liivarpuul Waliin taasisan haalan eegama
Sep 20, 2026 142
Fulbaana 10/2019 (ENA): Piriimiyerliigiin Ingiliiz torbee shanaffaan har'a xumurama. Pireemeerliigichaan Har'a taphoonni afur ni gaggeeffamu. Maanchistar Siitiin sa'aatii waaree booda sa’aatii 11:00 irratti istaadiyeemii Itihaaditti Saandarlaandiin ni keessummeessa. Siitiin taphoota afran darban liigichaan injifachuun qabxii 12’n sadarkaa tokkoffaa irra jira. Saandarlaandiin qabxii afuriin sadarkaa 14ffaa irra jirta. Gareen kun taphoota lamaan darban irratti injifannoo hin arganne. Maanchistar Siitiin yoo injifate qaawwa Arsenaal waliin qaban gara qabxii sadiitti guddisa. Arsenaal kaleessa Biraayitan irratti 3 fi 0’n mo'ame. Saandarlaandiin gara daandii injifannootti deebi'uuf garee qe'ee isaanii qormaata keessa galchuuf ni ilaala. Fuulhaam galgala sa'aatii 12:30tti Maanchistar Yunaayitid ‘Craven Cottage’ irratti keessummeessa. Abbaan dirree Fuulhaam sadarkaa 20ffaa irraa qabxii tokkoon fagaatee jira. Maanchistar Yunaayitid gama isaan taphoota lamaan darban injifachuu dadhabuun qabxii afuriin sadarkaa 13ffaa irra jira. Tapha birootiin Boornemaawuz har’a waaree booda sa'aatii 10tti Istaadiyeemii ‘Vitaalitii’ irratti Liivarpuul keessummeessa. Boornemaawuz qabxii sadiin sadarkaa 16ffaa irratti argama. Liivarpuul qabxii 6’n sadarkaa 10ffaa irra jira. Liidsi Yunaayitid waaree booda sa'aatii 10tti Istaadiyeemii Laandi Rood irratti Kiristaal Paalaas waliin taphata. Miidiyaa Dijitaalaa ENA hordofaa- https://www.ena.et/web/links
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Raaga haala Qilleensaa bal'inaan dhaqqabamaa taasisuun qophii gahaan akka jiraatuuf dhiheenyaan hojjetamaa jira
Sep 18, 2026 408
Fulbaana 8/2019 (ENA) Odeeffannoo raaga haala qilleensaa bal'inaan dhiyeessuun qophii fi offeeggannoo duraa akka jiraatuuf dhiyeenyaan hojjetamaa jiraachuusaa Inistitiyuutiin Meetiroloojii Itoophiyaa beeksise. Inistitiyuutichi gamaggama haala qilleensa gannaa fi raaga haala qilleensa bonaa fuulduraa hirmaannaa qooda fudhattootaatiin Adaamaatti gaggeessaa jira. Daarektarri Olaanaan Inistitiyuutichaa Dr.Faxxanaa Tashoomaa akka jedhanitti, Inistitiyuutichi misoomawwan hawaasummaafi dinagdee biyyaattif faayidaa kan qaban raaga haala qilleensaa yeroo gabaabaa fi dheeraa yeroosaa eeggatee dhiyeessuun gaheesaa ba'achaa jira.   Odeeffannoon kunneen keessattuu dameelee Qonnaafi misooma jallisiif, Bulchiinsa qabeenya bishaaniif, hir’ina sodaa balaatiif,Aviyeeshinii fi geejibaatiif ,Barnootaafi fayyaaf gaggeesuuf murteessaa ta’uusaanii ibsaniiru. Akkasumas,odeeffannoo haala qilleensaa yeroosaa eeggatee fi amansiisaa ta'e uummataafi qooda fudhattootaaf dhiyeessuun misoomaa fi guddina biyyaatiif murteessaa ta'uu isaafi hojiin kun cimee kan ittifufu ta'uu ibsaniiru. odeeffannoo raaga haala qilleensaa yeroodhaan dhiyeessuun qophii fi deebii sirrii kennuuf kan gargaaruudhas jedhan. Qooda fudhattoonnis odeeffannoo kanatti fayyadamanii tarkaanfii qophiitiif akka itti fayyadaman waamicha dhiyeessaniiru. Gara biraatiin, raaga haala qilleensa Bonaa kan dhiyeessan Itti Aanaa Daarektara Inistitiyuutichaa Dr.Asaamminnoo Tashoomaa akka ibsanitti,Bona dhufu kanatti naannowwan horsiise bulaatti haalli qilleensaa misooma qonnaatiif mijaawaa ta'ee fi roobni gaariin akka jiraatu ibsaniiru. Naannoowwan kunniin rooba kana jalqaba baatii Onkololeessaatii jalqabanii kan argatan ta'uun ibsameera. See less  
Naannoo Harariitti Biqiltuuwwan Ashaaraa Magariisaan dhaabaman kunuunsuun cimee itti fufa
Sep 16, 2026 528
Fulbaana 6/2019 (ENA) — Naannoo Harariitti biqiltuuwwan Sagantaa Ashaaraa Magariisaan dhaabaman kunuunsuun cimee akka itti fufu Pirezidaantiin Naannichaa Obbo Ordiin Badirii ibsan. Pirezidaantiin Naannoo Hararii Ordiin Badirii fi hoggantoonni naannichaa biqiltuuwwan ji’oota gannaa keessa dhaabaman kunuunsaniiru. Hoggantoonni kunneen biqiltuuwwan dhaabaman haala gaariin akka guddatan taasisuuf hojii kunuunsaa barbaachisaa ta’e irratti xiyyeeffachuun hojiiwwan adda addaa raawwataniiru. Naannichatti sagantaalee dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaan biqiltuuwwan faayidaa hedduu qaban dhaabamuu isaanii ni yaadatama. Hojii dhaabbii biqiltuuwwanii irratti hoggantoonni olaanoo naannichaa, qaamoleen ittisaa fi nageenyaa, hojjettoonni mootummaa, dargaggoonni fi dubartoonni, qonnaan bultoonni akkasumas kutaaleen hawaasaa gara garaa hirmaataniiru. Har’as Pirezidaantiin Naannichaa Obbo Ordiin Badirii fi hoggantoonni olaanoo naannichaa Gaara “Haakim” irratti biqiltuuwwan yeroo gannaa dhaabaman bishaan obaasuu fi kunuunsuu isaanii ibsameera. Naannicha keessatti biqiltuuwwan yeroo ji’oota gannaa dhaabaman hanga muka guddaa ta’anitti kunuunsi barbaachisaa ta’ee xiyyeeffannaan kennamee hojjetamaa jira. Pirezidaantiin Naannichaa Obbo Ordiin Badirii yeroo kanatti akka jedhanitti, biqiltuuwwan yeroo gannaa naannichatti dhaabaman sirnaan akka latanii fi guddatan gochuuf kunuunsa barbaachisaa ta’e taasisuun murteessaadha. Yeroo ammaa kanas, keessumaa biqiltuuwwan dhaabaman kaayyoo barbaadameef akka oolan qaamoleen adda addaa hojii kunuunsaa hojjechaa jiran jajjabeeffamuu akka qaban hubachiisaniiru. Itti aansuunis biqiltuuwwan bishaan obaasuu fi marga irraa qulqulleessuun sirnaan akka latanii fi guddatan gochuun barbaachisaa ta’uu Pirezidaantiin Naannichaa hubachiisaniiru. Kana malees, Pirezidaantiin Naannichaa Obbo Ordiin Badirii hojii pirojektii Inisheetivii gaara Haakim daawwachuu isaanii ibsameera. Hojiin pirojektichaa karoora yeroo qabame keessatti saffisaa fi qulqullinaan raawwatamaa jiraachuu isaa eeraniiru.
Itoophiyaan sirna geejjibaa magariisaa jijjiirama haala qilleensaa dandamatuu fi itti fufinsa qabu ijaaruuf xiyyeeffannoon hojjechaa jirti
Sep 16, 2026 451
Fulbaana 05 /2019 (ENA) Itoophiyaan sirna geejjibaa magariisaa jijjiirama haala qilleensaa dandamatuu fi itti fufinsa qabu ijaaruuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu Ministirri Geejjibaa fi Loojistiksii Dr. Alamuu Simee ibsan. Sagantaan jalqabsiisa workshooppii Nordiik Afrikaa Elektiriik Mobiliitii magaalaa Finfinneetti gaggeeffamera. Sagantaa kanarratti doktara Alamuu Simee haasaa taasisaniin; Itoophiyaan hoggansa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin tarsiimoo misoomaa magariisaa fi jijjiirama haala qilleensaa dandamatu karoora misooma biyyaalessaa isheen bu’uura godhattee hojjechaa jirti jedhaniiru. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa, humna haaromfamaa babal’isuu fi dinagdee kaarboonii gadi aanaa qabu ijaaruuf tattaaffiin taasifamu, xiyyeeffannoo kanaaf agarsiistota ta’uu ibsaniiru. Damee geejjibaa kaarboonii irraa bilisa taasisuun dinagdee itti fufinsa qabu ijaaruuf hojiiwwan ijoo hojjetaman keessaa tokko ta’uu eeruun, biyyattiin murtee kana gara hojiiitti hiikuuf geejjiba uummataa Elektirikii, Koridariiwwan Magaalaa fi sirna geejjibaa qilleensa qulqulluu humna haaromfamuu danda’u waliin walitti hidhuun ijaaramaa jiraachuu ibsaniiru. Gara geejjiba elektirikiitti ce’uun kun eegumsa naannoo qofaaf osoo hin taane, jijjiirama dinagdee, wabii humnaa, kalaqa teeknooloojii fi qulqullina jireenyaa lammiilee fooyyeessuuf gumaacha olaanaa qabaachuu eeraniiru. Konkolaattota qofa gara biyyaatti galchuun sirna geejjiba elektirikii guutuu uumuu akka hin dandeenye kan ibsan Ministirichi, bu’aa guutuu galmeessuuf bu’uuraalee misoomaa fi sirnoota hojii barbaachisan guutuu akka qaban hubachiisaniiru. Haaluma kanaan, bu’uuraalee misoomaa chaajii bakka itti taasisan babal’isuu fi sirna hojii dijitaalaa diriirsuu, Istaandardoota waliigalaa qopheessuu, humna namaa leenji’e horachuu, akkasumas sirna baatiriiwwan irra deebi’anii itti fayyadamu diriirsuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. Kanaaf, sirna qindoomionaa ijaaruu, fayyadamaa teekinooloojii ta’uu irraa gara dandeettii biyya keessaa ijaaruutti ce’uu, akkasumas tumsa Riijinii fi Ardichaa cimsuun barbaachisaa ta’uu waamicha dhiyeessaniiru. Itoophiyaa fi Afrikaan biyyoota Noordik irraa muuxannoowwan gaarii fudhachuu akka danda’an kan eeran Ministirichi, furmaatoonni Afrikaa garuu dhugaa jiruufi fedhii geejjibaa ardichaa kan bu’uureffataan ta’uu akka qaban ibsaniiru. Ce’umsa Afrikaan gara sochii elektriikiitti taasiftu guddina industiriitiif human ta'uu malee, dhiheessii meeshaalee alaa qofa ta'uu akka hin qabne hubachiisaniiru. Afrikaanonni walitti hidhaminsa kana keessatti akka hirmaataniif, dhaabbilee suphaa fi walitti qabiinsa meeshaalee (assemblers) dhiyootti argamanii fi oomishtoota cimsuu, qorannoo fi misooma keessatti invesiti gochuu, akkasumas sirna geejibaa daangaa ce'uu walitti hidhuun akka barbaachisu ibsaniiru. Ce’umsa kanaaf qabeenyi mootummaa qofti gahaa akka hin taane kan eeran yoo ta'u; mootummaan, dhiheessitoota misoomaa, baankota daldalaa fi abbootii qabeenya dhuunfaa dhugaatiin tumsa cimaa uumuun akka barbaachisu dubbataniiru. Yaa’ichi mariin olitti gara tarkaanfii qabatamaatti kan ce'amu, galmootni ifa ta'an kan kaa'aman, akkasumas tumsi michoota misoomaa fi teekinoolojii kan itti cimu akka ta'u abdiin qaban ibsaniiru.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 31447
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti - Itti aanaa Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa
Jun 9, 2026 19586
Waxabajji 2 /2018 (ENA): Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti jedhani itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan muummee ministiraa Pirojektoota misoomaa adda addaa magaalaa Woldiyaatti ijaaraman eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Yeroo eebba kanaatti pirojektoonni misoomaa eebbifaman imala biyyattiin gara fuulduraatti taasiftu kan agarsiisan yoo ta’u, guddinni Itiyoophiyaa eenyullee dhaabuu akka hin dandeenye kuni ragaadha jedhan. Itti aanaan ministira muummee kun ummanni magaalaa Woldiyaa finxaaleyyii fi qoqqoodinsa mormuudhaan kan beekamu ta’uu ibsuun, filannoon isaanii irra deddeebiin nagaa fi mootummaa cimaa ta’uu isaa kan argisiisu ta’uu ibsaniiru.   Mootummaan baandota irratti qabsaa’aa jira jedhani. Waggoota 50 fi 60 darbaniif warri yaada dulloomaatiin qabaman guddina ariifataa biyyattii hubachuu akka hin dandeenyes ibsaniiru. Warri bosona keessa jiran jijjiirama guddaa biyyatti dhufe kan akka misooma koridarii, maaddii guutuu, pirojektoota misoomaa fi oomisha qamadii arguu akka hin dandeenye dubbataniiru. Misoomni koridarii magaalota keessatti gaggeeffamaa jiru dhimma bareedinaa qofa osoo hin taane magaalota ammayyeessuun sadarkaa jireenyaa ummataa ol kaasuuf kaayyoo ta’uu ibsaniiru. Magaalonni Itiyoophiyaa magaalota Baha Afriikaa fi addunyaa waliin dorgomuu akka qaban ibsaniiru; akkasumas tajaajila ammayyeessuuf tajaajilli giddugala tokkoo guutuu biyyattiitti babal’achaa akka jiru hubachiisaniiru. Manneen kitaabaa ummataa, manneen kitaabaa dijitaalaa fi kaffeewwan saayinsii magaalaa Woldiyaatti ijaaraman odeeffannoo guyyaa guyyaa irraa gara beekumsaa fi qorannoo gadi fagootti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan, abbootii qabeenyaa fi ummanni pirojektoota misoomaa eegalaman gara baadiyyaatti babal’isuun badhaadhina biyyattii dhugoomsuuf waliin hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 17787
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015