ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Hojiileen Damee Tumizimiitiin naannoo Harariitti hojjetaman hambaalee kan baraaranii fi Harariin bakka ga’umsa tuuristootaa filatamtuu ta’uushee kan guddisedha
Jul 2, 2026 543
Waxabajjii 25/2018 (ENA): Naannoo Harariitti hojiileen damee misooma Turizimiitiin raawwataman hambaalee balaadhaaf saaxilaman kan hambisanii fi Harar filannoo Tuuristootaa ta’uu kan cimse ta'uu Komishiniin Turizimii Naannichaa beeksise. Fooyya'iinsa dinagdee Gooroo Mandhaalee mootummaan utubbaalee guddina dinagdee furtuu ta'an shan adda baase keessaa Turizimiin isa tokkodha. Kanaan dura dameen kun bifa quubsaa ta'een osoo hin misoomiinii fi maddii galii isaa osoo hin jabaatiin waan tureef, amma irratti argama sharafa alaa biyyaalessaa guddisuu fi carraa hojii uumuuf akka motora ijootti adda bahee irratti hojjetamaa jira. Ministirri Muummeen Dr.Abiyyi Ahimad "Turizimiin Motora Dinagdee Haaraa" jechuun ibsa kennaniin hojiilee misooma damee kanaan raawwatamanii fi bu'aalee argaman kaasaniiru. Ministirri Muummeen ibsa isaaniitiin filannoowwan dinagdee adda addaa irratti hundaa'uun hojjechuun, keessattuu milkaa'ina damee Turizimiitiin galmaa'e ragaadhaan dhiheessaniiru. Miidhagina isaanii durii kan ammayyaa waliin walsimsiisuun bakka ga’umsa Turizimii akka ta'aniif, mootummaa jijjiiramaatiin deebisanii kan ijaarramanii fi kan fooyya'an magaalota Itiyoophiyaa keessaa isaan duraa magaala durii fi seena-qabeettii Hararidha. Dallaan Jugool Hararii fi hambaaleen durii, kan amantii fi seenaa isaa keessatti argaman Itiyoophiyaa bira dabree qabeenya hawaasa idil-addunyaa ta'uun isaanii ni beekama. Yeroo ammattis biyyattii keessatti hojiin misooma kooriidarii fi haaromsa hambaalee hojjetamaa jiru damee Turizimii magaala seena-qabeettii Harar caalaatti kakaasuun dinagdee naannoo fi biyyaalessaatiif humna haaraa uumaa jira. Komisinarri Komishinii Turizimii Naannichaa Saamii Abdulwaasii akka ibsanitti, damee Turizimii naannicha jiru sadarkaa ol'aanaatti ceessisuu fi dandeettii isa keessa jiru guutummaatti fayyadamuuf hojiileen misoomaa bal'aan raawwatamaniiru jedhan. Hojiileen damee Turizimii cimsuuf hojjetamanis hambaaleen balaadhaaf saaxilamanii turan akka misoomanii fi qabiyyeesaanii eeggatanii dhalootaaf akka darban dandeessisuu isaa komishinarichi ibsanii, kunis kaka'umsa damee kanaatiif humna guddaa uumeera jedhan. Xiyyeeffannoo damee kanaaf kennameen hawwata Turizimii misoomsuu, yeroo turtii daawwattootaa dheeressuu fi dandeettii dinagdee damee kana irraa argamu guddisuurratti hojiileen fooyya'oon raawwatamuu isaanii ibsaniiru. Bara kana keessatti lakkoofsi turistoota alaa naannicha daawwatanii kan waggaa darbeerraa dhibbeentaa 47 caalmaa argisiisuusaanii kan ibsan komishinarichi, kunis bu'uraaleen misoomaa yeroo guutaman dameen Turizimii utubbaa ijoo dinagdee akka ta'u agarsiiftuudha jedhaniiru. Akka ibsa obbo Saamiitti, hojiileen damee Turizimii cimsuuf raawwataman turistoota biyya alaa bira dabbree, daawwattoota biyya keessaa, dhiibbaa uumtoota miidiyaa hawaasummaa fi qaamonni biroon Harar daawwatanii bareedina ishee addunyaaf akka beeksisaniif carraa bal'aa uumeera.
Bulchiinsi Magaalaa Shaggar bara baajatichaatti galii birrii biiliyoona 37.7 walitti qabeera
Jul 2, 2026 321
Waxabajjii 25/2018 (ENA): Bulchiinsi Magaalaa Shaggar bara baajataa kanatti galii birrii biliyoona 37.7 walitti qabuusaa Waajjirri Galiiwwan Magaalichaa beeksise. Bulchiinsi Magaalaa Shaggar erga hundaa'ee eegalee, pirojektoota gurguddoo misooma kooriidarii,bu'uraalee misoomaa diriirsuu fi miidhagina magaalaa bal'inaan raawwachaa jira. Fedhiiwwan misoomaa bal'aa kanaan dura jiran hamma danda'ametti dandeettii ofitiin deeggaruufi guddina waliigalaa magaalichaa ariifachiisuuf, dandeettii galii keessaa guddisuun hojii manaa dursa kennamuufii turedha. Waajjirichi bara baajataa kanaan galii ol'aanaa kana walitti qabuun isaa, pirojektoota misooma magaalichaa dandeettii ofitiin raawwachuu fi gaaffiiwwan bu'ura misoomaa uummataa deebisuuf carraaqqii taasifamaa jiruuf milkaa'ina guddaa akka ta'etti amanama. Itti gaafatamaan Waajjira Galiiwwan Bulchiinsa Magaalichaa obbo Malkaamuu Ambaawu ENAtti akka himanitti, bulchiinsa magaalichaa keessatti bara baajataa kanatti waliigala galii biiliyoona 39.6 walitti qabuuf karoorfamee akka ture ibsaniiru. Bara baajataa kanaan maddoota galii adda addaa irraa galii birrii biliyoona 37.7 walitti qabuun karoora qabame dhibbentaa 95 milkeessuun danda’amuu dubbataniiru. Halli walitti qabinsa galii kan milkaa’e Sirna sassaabbii galii fooyyessuu fi damee kanaaf xiyyeeffannoo addaa kennuu, Kaffaltoota gibiraatiif hubannoo walitti fufiinsa qabu uumuun danda'amuu isaatiin ta’uu ibsaniiru. Kanaan alatti, barmaatilee nagahee seeraa kutuu guddisuu fi teekinoolojii babal'isuun, kaffaltoonni gibiraa gibira isaanii karaa iftoominaa fi haqamumma qabuun akka kaffalan haalli mijeeffamuusaatiini jedhan. Yeroo ammaa kanatti kaffaltoonni gibiraa ol'aanoon 400 ol bakka jirani taa’anii karaa dijiitaalaatiin gibira fi kaffaltii isaanirraa eegamu raawwachuu danda'uu isaanii ibsaniiru. Al-Seerummaa ittisuuf hojiiwwan hojjetamaniin, bara baajataa kanaan daldaltoota karaa seera-alaatiin socho'anii argaman 6 irratti tarkaanfiin seeraa fudhatamuu ibsaniiru. Dabalataan, nagahee seeraa kutuu dhabuu isaaniitiin kan ka'e, daldaltoota 240 irratti adabbiin maallaqaafi bulchiinsaa akka raawwatame ibsanii, fuuldurattis hojmaata dijiitaalaa ammayyeessuu fi maamiltoota biratti hubannoo uumuurratti xiyyeeffatamee akka hojjetamu eeraniiru.
Mariin Biyyaalessaa wal dhaggeeffachuuf,wal hubachuu fi mootummaa cimaa ijaaruuf bu'uuradha - Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa
Jul 2, 2026 580
Waxabajjii 25/2018 (ENA): Mariin Biyyaalessaa wal dhaggeeffachuuf,wal hubachuu fi mootummaa cimaa ijaaruuf bu'uura ta’uu Tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa beeksise. Ibsa tajaajilichi baaseen, Itiyoophiyaan seenaa ishee keessatti marsaa marii haaraa, hunda hammatee fi tarsiimoo keessa akka jirtu ibseera. Marsaan kun hirmaannaa bal’aa ummataatiin garaagarummaa caasaa fi siyaasaa jaarraa hedduuf ture hiikuuf, waltajjii qaroome irratti waliigaltee biyyaalessaa waloo ijaaruuf carraa seena qabeessa ta’edha. Aadaa siyaasaa yeroo dheeraaf waldhabdee fi komii keessootiin guutamee ture jijjiiruun mul’anni hunda hammatee fi waliigaltee biyyaalessaa bu’uura ijoo birmadummaa fi biyya badhaate taasisuu har’a hojiirra oolaa jira. Yeroo ammaa mariin biyyaalessaa Itiyoophiyaaf dhimma filannoo osoo hin taane, dirqama seenaa biyya cimtuu, birmadummaa fi tasgabbaa'aa ijaaruu gaafatudha. Biyya akka Itiyoophiyaa aadaa fi ilaalcha siyaasaa garaa garaa qabdu keessatti, yaada paartii tokko qofa fe’uun furmaata waaraa fiduu hin danda’u. Kanaaf barbaachisummaan Marii Biyyaalessaa yeroo kamuu caalaa mul’achaa jira. Ajandaaleen marii gurguddoo saddeet Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa labse sagalee, abdii fi mul’ata lammiilee Itiyoophiyaa kutaalee biyyattii hundarraa fi kutaalee hawaasaa adda addaa irraa dhufan kan calaqqisiisudha. Ajandaawwan kanneen milkaa’inaan hojiirra oolchuun itti gaafatamummaa paartii tokkoo qofa miti; hirmaannaa dammaqinaan fi si’aa’inaa lammiilee Itiyoophiyaa hundaa gaafata. Milkaa’ina adeemsa seena qabeessa kana keessatti paartileen siyaasaa, dhaabbileen hawaasa siivikii, dhaabbileen amantaa, dargaggoonni, dubartoonni, hayyoonnii fi dhaabbileen biroo gahee mataa isaanii bahuu qabu jedheera. Adeemsi kun ijaarsa sirna dimokraatawaa Itiyoophiyaa jabeessuun biyya nagaa, wal amantaa fi tumsaan jiraatu dhaloota itti aanuuf dabarsee kennuuf carraa seenaa guddaadha. Carraa kanatti ogummaadhaan fayyadamnee hiree egeree biyya keenyaa waliin murteessuu qabna. Kanaaf yaadota hin barbaachifne ajandaalee adeemsa marii biyyaalessaa booressuuf socho’an dura dhaabbannee waldhaggeeffachuu fi wal hubachuuf dursa kenninee, adeemsa ijaarsa mootummaa keessatti mallattoo gaarii mataa keenyaa kaa’uu qabna. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena
Ergaa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Jul 2, 2026 364
Oomisha biyya keessaa of danda’uun dabaluun bu’uura walabummaa dinagdee fi abbaa biyyummaa keenyaati. Warshaan dhagaa cilee ‘Yo Holding’ har’a Zoonii Gaamootti daawwanne fi Hagayya 2017 hojii eegale, fedhii industiriiwwan keenyaa oomisha biyya keessaatiin bakka buuse, alaa galchuu dhabamsiisee, jiraattota biyya keessaaf carraa hojii uumuun isaa ni yaadatama. Qabeenya uumamaa biyya keenyaa hojii cimaa biyya keessatti misoomsuun olaantummaa diinagdee keenya mirkaneessuuf imalli taasifamu itti fufa! #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena
Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Qe'ee Moodeela Ammayyaa Hamasaa Eebbisan
Jul 2, 2026 454
Waxabajjii 25/2018 (ENA): Ministirri Muummee Abiy Ahmad (PhD) har’a Qe'ee Moodeela ammayyaa Hamasaa lafa heektaara 79.4 irratti argamu qaama Misooma Kooridara Baadiyyaa ta’e ifatti eebbisan. Ministirri Muummee ergaa isaanii keessatti Qe'een moodeela ta’e kun mana qaama dhiqannaa ammayyaa, bakka bultii beeyladootaa, iddoo fuduraafi muduraa, baayoogaazii fi horsiisa kanniisaa ykn iddoo gaaguraa kan qabuu fi jireenyaa qonnaan bultootaa fooyyessuufi mijataa taasisuuf kan gargaaru ta’uu ibsaniiru. Kunis jiraattotaaf badhaadhina waliigalaa akka mirkaneessu akeekaniiru. Qe'een moodelli kun bu'aa jiraataa rifoormii biyyattiitti hojiirra oolaa jiruu kabaja, miijatinaa fi fayyadamummaa dinagdee hawaasa baadiyyaa sadarkaa olaanaatti ceesise akka ta'es hubachiisaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena
Siyaasa

Ogeeyyiin konfiraansii marii guddicha irratti ibsa ogummaa kennan beekumsa irratti hundaa’e hubannoon waloo akka uumamuuf hojjechuu qabu
Jul 2, 2026 461
Waxabajjii 25/2018 (ENA): Ogeeyyiin konfiraansii marii biyyaalessaa guddicha irratti ibsa ogummaa kennan mariin sababaan akka qajeelfamuuf beekumsa irratti hundaa’e hubannoon waloo akka uumamuuf hojjechuu qabu. Komishiniin marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa konfiraansii guddicha irratti ogeessota ibsa ogummaa kennan waliin waltajjii marii gaggeessaa jira. Waltajjicharratti Koomishinara Olaanaa Komishinichaa Piroofeesar Masfin Ara’ayyaa, Itti aanaa Koomishinara Olaanaa Hiruut Gabrasillaasee, komishinaroonni komishinichaa biroo fi hayyoonni affeeramanii argamaniiru. Komishinarri Olaanaa Piroofeesar Masfin Ara’ayyaa wayita kana haasaa taasisaniin,Hayyoonni konfiraansii kana irratti ibsa ogummaa kennan damee ogummaa fi sadarkaa itti gaafatamummaa adda addaa irraa akka dhufan ibsaniiru. Komishinichi itti gaafatamummaa biyyaalessaa guddaa akka itti kenname eeruun waggoota afran darban keessatti hojiiwwan hedduu milkaa’inaan raawwachuu isaa yaadachiisaniiru. Konfiraansiin marii guddichi adeemsa seenaa guddaa ta’uu ibsuun, adeemsi kun garee adda addaa saddeetitti kan qoodamu ta’uu ibsaniiru. Hayyoonni yeroo konfiraansichaa ogummaa isaaniif amanamoo ta’anii beekumsa isaanii waliif qooduun adeemsichi sammuudhaan akka gaggeeffamu itti gaafatamummaa akka qaban dubbataniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena
Ajandaaleen Komishiniin Marii Biyyaalessaa adda baase rakkoolee mariin furuun nageenyaa fi misooma waaraa mirkaneessuuf ni gargaaru – Hayyoota
Jul 1, 2026 2107
Waxabajjii 24/2018 (ENA): Ajandaaleen Komishiniin Marii Biyyaalessaa adda baase rakkoolee mariidhaan furuun nageenyaa fi misooma waaraa dhugoomsuuf ni dandeessisu jedhan hayyoonni Yunivarsiitii Jimmaa. Ajandaalee yaa’ii Marii Biyyaalessaa Adoolessa 8 bara 2018 gaggeefamuuf dhiyaatan keessaa ijaarsa biyyaa, caasaa fi gurmaa’insa mootummaa, akkasumas sirna siyaasaa, bakka bu'insa siyaasaa fi sirni filannoo kanneen eeramaniidha. Dabalataanis, dhimmoota magaalota Federaalaa, dhimmoota amantii, haaloowwan seenaa fi dhimmoota araaraa, ijaarsa dhaabbilee, olaantummaa seeraa fi mirga namoomaa, dhimmoota hawaasummaa fi dinagdee akkasumas dhimmoota qonnaan bulaa fi horsiisee bultootaa, malaammaltummaa fi bulchiinsa gaarii fi ijaarsi nageenyaa dhimmoota ijoo kan irratti marii’atamudha. Dhimmoota kanneen irratti hayyoota ENA’n dubbise keessaa ijaarsa biyyaatiif haala qaroomeen siyaasaa bilchaataa ta'een mari'achuun dhimma bu'uuraa ta'uu ibsaniiru. Koomishiniin Marii Biyaalessaa Itiyoophiyaas hojiin inni jalqabe kana galmaan ga’uuf gaheen isaa olanaadha jedhan hayyoonni Yunivarsiitii Jimmaa. Mariin olantumaa yaadaatiin imaammata filannoo biyyaaf tolu kan itti qophaa'u waan ta'eef, hojiirra oolmaa isaatiifis hirmaannaa ho’aa lammiilee kan gaafatu ta'uu dubbataniiru. Yaada isaanii kanneen kennan keessaa barsiisaan muummee barnoota bulchiinsa uummataa Yuunivarsiitichaa Dr. Fiqaaduu Toleeraa akka ibsanitti, mariin nageenyaa fi misooma waaraa mirkaneessuuf gargaara jedhani. Haala kanaan Komishiniin Marii Biyyaalessaa uummata sadarkaa sadarkaan hirmaachisuun ajandaaleen inni adda baase, rakkoolee turan mariidhaan furuuf kan dandeessisan ta'uu dubbataniiru. Kanaanis hirmaannaan dammaqaa uummatni fi dhaabbileen siiviilii qaban, akkasumas paartileen siyaasaa dhimma biyyaa irratti waliin hojjechuunsaanii kan jajjabeeffamu ta'uu dubbataniiru. Yuunivarsiitii Jimmaatti Muummee barnoota Fookloorii Gargaaraan Pirofeesaraa Kaamiil Mahaammad gama isaaniitiin, duudhaalee marii mandhaalee gara aadaa siyaasaatti fiduun akka barbaachisu ibsaniiru. Adeemsi rakkoolee mariidhaan furuu hojii irra ooluun isaa nagaa fi misooma waaraa galmaan gahuuf akka dandeessisu eeraniiru. Hojiin Koomishinii Marii biyyaalessaa Itiyoophiyaas garaagarummaa yaadaa gara teessootti fiduun fageenyi inni deeme kan jajjabeeffamu fi aadaa siyaasaa haaraa lafa qabsiisuuf carraa seenaa ta'uu dubbataniiru.
Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa haaraa hundaa’u imala badhaadhina jijjiirama biyyaalessaatiin uumame itti fufsiisuuf imaanaan uummataa irra jira
Jun 30, 2026 2246
Waxabajjii 23/2018 (ENA): Bu’aa filannoo waliigalaa torbaffaa bu’uura godhachuun kan ijaaramu Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa imala badhaadhina jijjiirama biyyaalessaa Itiyoophiyaa itti fufsiisuuf imaanaa ummataa akka qaban dura taa’oonni koree dhaabbii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa ibsaniiru. Miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa waggaa shan shaniin ummataan kan filataman sirna filannoo waliigalaa, bilisaa, kallattii, haqa qabeessaa fi iccitii ta’een akka ta’e Heera mootummaa FDRE keewwata 54 irratti ifatti ibsameera. Filannoo waliigalaa Itiyoophiyaa Caamsaa 24, 2018 gaggeeffame hordofuun, injifataan Paartii Badhaadhinaa baatii Fulbaana dhufu keessa mootummaa haaraa ni hundeessa jedhamee eegama. Akka Dura Taa'aan Koree Dhaabbii Karoora, Baajata fi Faayinaansii Mana Maree Dassaalenyi Wadajoo himanitti, filannoo waliigalaa torbaffaan fedhii cimaa lammiileen misooma, nagaa fi bulchiinsa gaariif qaban mirkaneessee jira jedhan. Bu’aa filannoo waliigalaa bu’uura godhachuun kan ijaaramu Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa imala badhaadhinaa jijjiiramni biyyaalessaa Itiyoophiyaa uumte itti fufsiisuuf imaanaa ummataa qaba jedhaniiru. Itti aanaan dura taa’aa koree dhaabbii dhimma fayyaa, misooma hawaasummaa, aadaa fi ispoortii mana marichaa Doktar Taaddalee Buraakaa akka ibsanitti, Itiyoophiyaatti piroojektoonni misooma biyyaalessaa hedduun ijaaramaa akka jiran himaniiru. Badhaadhina waliigalaa Itiyoophiyaa mirkaneessuuf hojii hordoffii fi to’annoo cimaa akka raawwatu manni maree haaraa kana ummanni imaanaa itti kenname ta’uus ibsaniiru. Itti aanaan dura taa’aa koree dhaabbii seeraa fi haqaa mana maree kanaa kan biraan obbo Isaa Boruu, paartiileen siyaasaa filannoo booda dorgommii gara tumsaatti jijjiiruun dimokiraasii cimaa fi mootummaa ta’e ijaaruuf hojjechuu akka qaban ibsaniiru. Hawaasni mootummaa cimsuu akka qabu eeruun, akkasumas mootummaan waadaa ummataaf gale raawwachuun piroojektoota misoomaa misoomaaf bu’a qabeessa ta’an ijaaruu qaba jedhani. Badhaadhinaa fi guddina Itiyoophiyaa mirkaneessuu fi kaayyoo misooma biyyaalessaa galmaan gahuuf qaamoleen hundi gahee isaa bahuu akka qabus ibsaniiru. Manni marichaa itti gaafatamummaa seerota galma misoomaa galmaan gahuu danda’an baasuu fi Itiyoophiyaa mallattoo badhaadhina taasisuu danda’u baafachuu qaba jedhaniiru. Misooma koridarii dabalatee pirojektoonni misoomaa adda addaa milkaa’inaan raawwatamaa akka jiran hubachiisuun, hawaasni beekumsa, anniisaa fi dandeettii qabuun mootummaa waliin hiriiruun guddina Itiyoophiyaa saffisiisuu keessatti gahee isaa bahachuutu irraa eegama jedhan. #ENA_Afaan Oromoo #ENA
Hariiroon uummattootaa Itiyoophiyaafi Chaayinaa cimee akka itti fufuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira- Obbo Adam Faaraah
Jun 29, 2026 2923
Waxabajjii 22/2018(ENA) : Hariiroon uummattootaa Itiyoophiyaafi Chaayinaa cimee akka itti fufuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Sadarkaa Ministira Muummee Itti aanaatti Hogganaan Giddugala Qindeessa Ijaarsa Sirna Diimokiraasii obbo Adam Faaraah ibsani. Obbo Adam Faaraah guyyaa har’aa Itiyoophiyaatti Ambaasaaddara Chaayinaa Cheen Haayin waliin mari’ataniiru. Cheen Haayin wayita sana Paartiin Kooministii Chaayinaa filannoon waliigalaa 7ffaan milkaa’inaan xumuramuufi Paartiin Badhaadhinaa injifachuu hordofee ergaa baga gammaddanii dabarse dhiyeessaniiru. Paartichi ergaa isaan hoggansa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin nageenyiifi tasgabbii waaraan, tokkummaan biyyaalessaafi badhaadhinni gama hundaa akka mirkanaa’u amantaa qabu ibseera. Bu’aan filannichaa deeggarsa uummanni Itiyoophiyaa Paartii Badhaadhinaaf qabu kan agarsiisuufi yeroo itti aanuttis paartichi uummata Itiyoophiyaa hirmaachisuun galma Itiyoophiyaa biyya fakkeenyummaatti ceesisuuf qabame akka dhugoomsu eereera. Paartichi waliigalteewwan Kanaan dura mallatteeffaman hojiirra akka oolaniif hojjechuu akka itti fufu akkasumas guddina biyyoota lameeniif tumsa cimaa akka uumu mirkaneesseera. Obbo Adam Faaraah gamasaaniin, Paartiin Badhaadhinaa hariiroo uummattootaafi mootummootaa akkasumas tumsi Paartii Kooministii Chaayinaa waliin qabu cimee akka itti fufuuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Paartileen lameen yaadamoota mandhaleen hogganamuun furmaatawwan maddisiisuun bu’aa galmeessisuu eeruun, dhimmoota dam-daneessa irratti tumsaan hojjechuu irra darbee deeggarsa gama maraa dameewwan garaagaraarratti taasifamaa jiraniif galateeffataniiru. Abbootiin qabeenyaa Chaayinaa hedduun Itiyoophiyaa keessatti, keessumaa albuuda, tajaajila, paarkii industirii, hubannoo namtolchee (artificial intelligence) fi ijaarsa irratti hirmaachaa akka jiran ibsaniiru. Qaamonni lamaan bu’aawwan gama hundaan argame itti fufsiisuu fi hariiroo paartilee cimsuun waliin hojjechuuf waliigalaniiru.
Dr. Abiyyi Ahimad Pireezidaanti Hasan Sheek Mohaammad waliin mari'atan
Jun 29, 2026 2452
Waxabajjii 22/2018 (ENA): Ministirri Muummee FDRI Dr. Abiyyi Ahimad Pireezidaantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammad waliin mari'ataniiru. Dr. Abiyyi gama Miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin, Walitti hidhamiinsa diinagdee nageenyaa fi tasgabbii akkasumas tasgabbii naannawicharratti mari’anneerra jedhan. Biyyoonni lameen daangaarra darbee ummattootaa fi egeree kan qoddatan ta’uu ibsaniiru.
Manni maree ministirootaa walga’iisaa idilee gaggeesseen dhimmoota garagaraa irratti mari’atee murtee dabarse
Jun 26, 2026 5819
Waxabajjii 19/2018 (ENA)- Manni maree ministirootaa walga’iisaa idilee 57ffaa har’a gaggeesseen dhimmoota garagaraa irratti mari’atee murteewwan dabarseera. 1. Manni marichaa jalqaba walii galteewwan deeggarsaa fi liqii sadii waldaa misoomaa addunyaa waliin mallatteeffamanirratti mari’ate. Kan jalqabaa imaammata misooma guddinaa fulla’aa fi hunda hammataa raawwachiisuuf kan oolu walii galtee liqii SDR miiliyoona dhibba afurii fi miiliyoona soddomii torbaa fi kuma dhibba afurii (437,400,000) irratti mari’ate. Kan lammataa sagantaa qabannaa lafaa hawaasa irratti xiyyeeffatee walii galtee liqii SDR miiliyoona dhibba tokkoo fi miiliyoona afurtamii shanii fi kuma dhibba shanii (145,500,000) ti. Kan sadaffaa pirojektii oomishtummaa misooma jallisii fulla’aa jijjiirama haala qilleensaan hin miidhamne raawwachiisuuf kan oolu walii galtee liqii SDR miiliyoona 54 fi kuma dhibba jaha(54,600,000) ti. Manni marichaa wixinee labsii waliigalteewwan liqii sadanuu irratti mari’atee mana maree bakka bu’ootaaf akka qajeelfamu sagalee guutuun murteesseera. 2. Itti aansuun manni marichaa wixinee dambiiwwanii dhaabbileen ministeera bishaanii fi inarjii, tajaajila galmee fi mana kitaabaa fi tajaajilli madaallii fi qormaata barnootaa tajaajiloota garagaraa kennaniif kaffaltiiwwan tajaajilaa kaffalaman murteessuuf dhihaatanirratti mari’ateera. Manni marichaas danbiiwwanirratti mari’atee galtee itti dabaluun guyyaa gaazexaa magalataarratti maxxanfamee eegalee hojiirra akka oolu sagalee guutuun murteesseera. 3. Itti aansuun Manni marichaa wixinee labsii walii galtee miseensummaa Niwu develoopimanti baankii Itiyoophiyaa dhaabuuf dhihaaterratti mari’ate. Manni marichaas dhimmicharratti mari’atee galtee itti dabaluun mana maree bakka bu’oota ummataaf akka qajeelfamu sagalee guutuun murteesseera. 4. Manni marichaa itti aansuun wixinee imaammataa industirii konistiraakshinii irratti mari’ateera Manni marichaas bal’inaan mari’atee galtee itti dabaluun guyyaa mana marichaaf raggaafame har’a Waxabajjii 19 bara 2019 irraa eegalee hojiirra akka oolu sagalee guutuun murteesseera. 5. Xumurarrattis wixinee imaammataa misooma magaalaarratti erga mari’atee booda galtee itti dabaluun mana marichaan guyyaa itti raggaafame har’a Waxabajjii 19 bara 2018 irraa eegalee hojiirra akka oolu sagalee guutuun murteessuusaa odeeffannoon waajjira ministira muummeerraa argame ni mul’isa.
Aadaan Ijaarsa Sirna Dimokiraasii Itiyoophiyaa keessatti gara boqonnaa haaraatti ce'aa jira – Obbo Mallas Alamuu
Jun 25, 2026 5182
Waxabajjii 18/2018 (ENA)– Itiyoophiyaa keessatti dirree siyaasaa bal'isuudhaan ijaarsi sirna diimokiraasii gara boqonnaa haaraatti ce'aa jiraachuu isaa, Waajjira Muummee Paartii Badhaadhinaatti Hogganaan Damee Ijaarsa Aadaa Dimokiraasii Obbo Mallas Alamuu ibsan. Filannoon waliigalaa Caamsaa 24 bara 2018 gaggeeffame, paartileen siyaasaa dorgomtoota ta'an 42 fi lammiileen miiliyoonaan lakkaa'aman adeemsa sagalee kennuu keessatti kan hirmaatan filannoo seena-qabeessa ta'ee xumurameera. Gamtaan Afriikaa, IGAD, Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itiyoophiyaa fi dhaabbileen hawaasa siivilii hedduun adeemsi filanichaa bilisa, haqa-qabeessaa fi loogirraa bilisa ta'uu isaa ragaa ba'uun mirkaneessaniiru. Guyyaa filannoo sanas lammiileen ganama sa'aatii 10:00 irraa eegalee hanga halkan walakkaatti hiriiruun, ijaarsa sirna dimokiraasiitiif kutannoo qaban gochaan agarsiisaniiru. Obbo Mallas Alamuu ENA'f akka ibsanitti; filannoon waliigalaa 7ffaan filannoo paartilee fi imaammataa qofa osoo hin taane, filannoo sirnaati. Dhaabbileen dimokiraasii fi ummatni Itiyoophiyaa abbaa aangoo ta'uun bilisummaa fi loogirraa bilisa ta'uu isaanii filannoo gochaan mirkaneessan ta'uusaa ibsaniiru. Itiyoophiyaanonni fedhii diimokiraasii dhugaa qaban firaafis diinaafis kan itti agarsiisan ta'uu eeranii; filannoo duraatii hanga filannoo boodaatti qindoominni agarsiifame kan dinqisiifatamuu dha jedhaniiru. Filannichi dorgommii paartilee siyaasaa irra darbee, kabaja biyyaalessaa fi bilisummaan kan itti mul’ate waan ta'eef “ Itiyoophiyaan mo'atteetti" jedhaniiru. Barii jijiiramichaarraa eegalee riifoormiin siyaasaa bal'aan taasifame cunqursaa fi baqattummaa paartilee hambisuun, dirree dorgommii siyaasaa fayyaalessa ta'e akka uumamu taasisuu isaa ibsaniiru. Fooyya'iinsi seeraa fi imaammata filannoo waliigalaa 6ffaa fi 7ffaa keessatti hirmaannaa paartilee guddisuudhaan, ijaarsi aadaa diimokiraasii haaraa akka dhalatu gochuu isaa ibsaniiru. Kunis paartileen siyaasaa maddi aangoo sagalee ummata irraa kennamu ta'uu hubachuudhaan, ijaarsa aadaa dimokiraasii keessatti gahee ijaarsaa irraa eegamu akka ba'atan carraa uumuusaa ibsaniiru. Filannoo waliigalaa 7ffaa keessatillee paartileen siyaasaa dhiibbaa keessaa fi alaa dandamachuun, ijaarsa aadaa dimokiraasiitiif qaamolee ashaaraa isaanii kaa’an galatteeffataniiru. Mootummaan jijjiiramaa dhimmoota faayidaa biyyaalessaa irratti dorgommii irra hojii gamtaatti xiyyeeffate diriirsuun , filannoo waliigalaa 7ffaa keessatti paartileen dorgomtoota ta'an faayidaa biyyaalessaa irratti ejjennoo tokko akka qabaatan godheera jedhan. Kunis bu'aa dimokiraasii guddaa ta'uu isaa kaasuun; garaagarummaan akkuma eegametti ta'ee, paartilee gidduutti amanamummaa uumuun qaamolee Itiyoophiyaaan akka dadhabdu barbaadanii fi diinota seenaa akka qaaneffatan taasiseera jedhaniiru.

Hawaasummaa
Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Qe'ee Moodeela Ammayyaa Hamasaa Eebbisan
Jul 2, 2026 454
Waxabajjii 25/2018 (ENA): Ministirri Muummee Abiy Ahmad (PhD) har’a Qe'ee Moodeela ammayyaa Hamasaa lafa heektaara 79.4 irratti argamu qaama Misooma Kooridara Baadiyyaa ta’e ifatti eebbisan. Ministirri Muummee ergaa isaanii keessatti Qe'een moodeela ta’e kun mana qaama dhiqannaa ammayyaa, bakka bultii beeyladootaa, iddoo fuduraafi muduraa, baayoogaazii fi horsiisa kanniisaa ykn iddoo gaaguraa kan qabuu fi jireenyaa qonnaan bultootaa fooyyessuufi mijataa taasisuuf kan gargaaru ta’uu ibsaniiru. Kunis jiraattotaaf badhaadhina waliigalaa akka mirkaneessu akeekaniiru. Qe'een moodelli kun bu'aa jiraataa rifoormii biyyattiitti hojiirra oolaa jiruu kabaja, miijatinaa fi fayyadamummaa dinagdee hawaasa baadiyyaa sadarkaa olaanaatti ceesise akka ta'es hubachiisaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena
Doktar Abiyyi Ahimad Naannoo Kibba Itiyoophiyaa dhaqan
Jul 2, 2026 282
Waxabajjii 25/ 2018 (ENA): Ministirri Muummee FDRI Dr. Abiyyi Ahimad Naannoo Kibba Itiyoophiyaa dhaqaniiru. Naannoon Kibba Itiyoophiyaa Ministira Muummee FDRI Doktar Abiyyi Ahimad aadaa fi duudhaa miidhagaan simateera. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena
Sirni kenninsa qorumsaa dandeettii ofitti amanamummaa barattootaa cimsaa jira.
Jul 1, 2026 1202
Waxabajjii 24/2018 (ENA): Qorumsi biyyaalessaa kutaa 12ffaa dhaabbilee barnoota olaanoo keessatti kennamuu erga eegalee asitti, ofitti amanamummaa barattootaa cimsaa dhufunsaa ibsameera. Qorumsi kutaa 12ffaa dhaabbilee barnoota olʼaanoo keessatti kennamuu erga eegalee, hanna qorumsaafi waliin dhahuu ittisuuf akkasumas qulqullina barnootaa mirkaneessuuf hojiileen riifoormii balʼaan hojjetamaa turaniiru. Keessattuu, waggoottan muraasa darban keessatti sirna bulchiinsa qorumsaa ammayyeessuufi amanamaa gochuuf carraaqqiin eegalame, barattoonni dandeettii ofii qofa irratti akka amanamani gochuu keessatti jijjiirama guddaa galmeessisaa jira. Karaa biraatiin, kenniinsa qorumsaa caalaatti saffisaa gochuufi fayyadama teknoolojii guddisuuf sirni qorumsaa interneetiin (online) balʼinaan hojiirra oolaa jira. Hojmaanni dijitaalaa kun qusaannaa waraqaafi baasii loojistikii hirʼisuu bira darbee, adeemsa kenninsa buʼaa qorumsaa saffisaafi amansiisaa gochuun qaama ijoo riifoormichaa taʼee itti fufeera. Yuunivarsiitiin Haramayaas itti-gaafatamummaa biyyaalessaa kana baʼachuuf waggaa waggaan qophii teknoolojii, loojistikiifi nageenyaa balʼaa hojjechuun dhaabbilee maqaan isaanii eeramu keessaa tokkodha. Qorumsi biyyaalessaa kutaa 12ffaa baranaa Yuunivarsiitii Haramayaatti kennamaa jira. Tajaajila Madaallii Barnootaafi Qorumsa Biyyaalessaatti qindeessaan buufata qorumsaa Yuunivarsiitii Haramayaa obbo Mallas Darbii gamasaaniitiin, dhaabbatichi bulchiinsa qorumsaa caalaatti saffisaafi amanamaa gochuuf hojmaata teknoolojii irratti hundaaʼan balʼinaan hojiirra oolchaa jira jedhaniiru. Barana barattoota qorumsa fudhatan keessaa dhibbeentaa 60.7 kan taʼan toora interneetiin kan qoraman yoo taʼu, warri hafan immoo qorumsa isaanii waraqaadhaan akka fudhatan qindeessichi ibsaniiru. Sirni kenninsa qormaataa waggoottan darban irraa eegalee hojiirra oole kun, barataa ofitti amanamu uumuu, hattummaa akkasumas qisaasama qabeenyaafi humnaa hirʼisuu irratti gumaacha guddaa gumaachaa akka jirus ibsaniiru. Pirezidaantiin Yuunivarsiitii Haramayaa Dr.Jamaal Yuusuf gamasaaniitiin, yuunivarsiitichi barattoota bulchiinsa magaalaa Maayaafi Godina Harargee Bahaa irraa dhufan qorsiisaa akka jiru ibsaniiru. Barana qorumsa marsaa ja’aan kennamu kanaan barattoonni kuma 8 fi 495 yuunivarsiitichatti kan qoraman yoo taʼu, isaan keessaa kuma 3 fi 765 karaa interneetiitiin, warri hafan kuma 4 fi 730 immoo waraqaadhaan qorumsa isaanii akka fudhatan ibsaniiru. Qorumsa kana milkiidhaan xumuruuf yuunivarsiitichi hojiilee qophii duraa barbaachisoo taʼan xumuruu ibsuun, keessattuu sirni kenniinsa qormaataa haaraan waggaa irraa gara waggaatti ofitti amanamummaa barattootaa cimsaafi hattummaa hirʼisaa dhufuusaa dubbataniiru. Barattoota qorumsa fudhachaa jiran keessaa barattuu Biilisee Dhugaasaafi Sumayyaa Fandishee akka dubbatanitti, kanaan dura qorumsa kanaaf qophii gahaa gochuu isaanii ibsaniiru. Keessattuu barnoota dabalataa fudhachuun, waraqaalee gaaffii adda addaa hojjechuufi qo’annaa walitti fufiinsa qabu gochuusaaniitiin qorumsa kana ofitti amanamummaatiin fudhachaa akka jiran kaasaniiru. Qorumsa kanaanis buʼaa gaarii akka eegan kan ibsan barattoonni kun, simannaa gaarii Yuunivarsiiticha keessatti isaaniif taasifamaa jiruun haala gaariidhaan qorumsa isaanii fudhachaa akka jiran dubbataniiru.
Manni Marichi labsiiwwan sadii mirkaneesse
Jun 30, 2026 1581
Waxabajjii 23/2018 (ENA): Manni Marii Bakka Bu’oota Ummataa wixineewwan labsii fooyya’iinsa bulchiinsa taaksii Federaalaa, istaatistiksii Itiyoophiyaa fi gabaa kaarbonii Itiyoophiyaa raggaasiseera. Manni mariichaa walga’ii idilee 29ffaa har’a gaggeesseen, labsii raggaasisuun alatti wixinee karoora baajata mootummaa Federaalaa bara baajataa 2019 irratti bal’inaan mari’ateera. Walitti qabaan koree dhaabbataa dhimmoota pilaanii, baajataa fi faayinaansii Obbo Dassaalenyi Wadaajee, gabaasaa fi yaada murtoo wixineewwan labsii ilaalchisee mana mariitiif dhiyeessaniiru. Walitti qabaan korichaa akka jedhanitti, labsiin kun walitti bu’iinsa kaffaltoota taaksii fi sassaabdota taaksii gidduutti ka’u hiikuuf, itti gaafatamummaa fi haqummaa mirkaneessuuf, akkasumas sirna bulchiinsa taaksii ammayyaa’aa diriirsuuf kan gargaarudha. Labsiichi walabaa fi haala walhubatamu ta’ee akka ramadamu gochuun waldhabdee karaa filannoo biraatiin hiikuuf kan dandeessisu ta’uu isaan manni mariichaa akka raggaasisu gaafataniiru. Gama biraatiin, wixineen labsii Istaatistiksii Itiyoophiyaa imala guddinaa, sagantaalee jijjiiramaa fi ragaa irratti hundaa’uun imaammata baasuuf kan dandeessisudha jedhaniiru. Kunis sirna Istaatistiksii ammayyaa’aa jabaa, bu’uura seeraa qabuu fi sirna idil-addunyaa hordofe akka jiraatu kan taasisudha jedhaniiru. Walitti qabaan koree dhaabbataa Obbo Dassaaleny Wadaajee akka ibsanitti, wixineen labsii gabaa Kaarbonii Itiyoophiyaa sagantaa ashaaraa magariisaa guddachaa jiru gara faayidaa dinagdeetti cesisuuf, akkasumas hojii investimentii magariisaa fi ce’umsa teekinoolojii saffisiisuuf kan gargaarudha. Manni mariichaa yaada murtoo koree dhaabbataatiin dhiyaate qorachuun wixineewwan labsii sadan qoratee raggaasiseera.
Diinagdee
Hojiileen Damee Tumizimiitiin naannoo Harariitti hojjetaman hambaalee kan baraaranii fi Harariin bakka ga’umsa tuuristootaa filatamtuu ta’uushee kan guddisedha
Jul 2, 2026 543
Waxabajjii 25/2018 (ENA): Naannoo Harariitti hojiileen damee misooma Turizimiitiin raawwataman hambaalee balaadhaaf saaxilaman kan hambisanii fi Harar filannoo Tuuristootaa ta’uu kan cimse ta'uu Komishiniin Turizimii Naannichaa beeksise. Fooyya'iinsa dinagdee Gooroo Mandhaalee mootummaan utubbaalee guddina dinagdee furtuu ta'an shan adda baase keessaa Turizimiin isa tokkodha. Kanaan dura dameen kun bifa quubsaa ta'een osoo hin misoomiinii fi maddii galii isaa osoo hin jabaatiin waan tureef, amma irratti argama sharafa alaa biyyaalessaa guddisuu fi carraa hojii uumuuf akka motora ijootti adda bahee irratti hojjetamaa jira. Ministirri Muummeen Dr.Abiyyi Ahimad "Turizimiin Motora Dinagdee Haaraa" jechuun ibsa kennaniin hojiilee misooma damee kanaan raawwatamanii fi bu'aalee argaman kaasaniiru. Ministirri Muummeen ibsa isaaniitiin filannoowwan dinagdee adda addaa irratti hundaa'uun hojjechuun, keessattuu milkaa'ina damee Turizimiitiin galmaa'e ragaadhaan dhiheessaniiru. Miidhagina isaanii durii kan ammayyaa waliin walsimsiisuun bakka ga’umsa Turizimii akka ta'aniif, mootummaa jijjiiramaatiin deebisanii kan ijaarramanii fi kan fooyya'an magaalota Itiyoophiyaa keessaa isaan duraa magaala durii fi seena-qabeettii Hararidha. Dallaan Jugool Hararii fi hambaaleen durii, kan amantii fi seenaa isaa keessatti argaman Itiyoophiyaa bira dabree qabeenya hawaasa idil-addunyaa ta'uun isaanii ni beekama. Yeroo ammattis biyyattii keessatti hojiin misooma kooriidarii fi haaromsa hambaalee hojjetamaa jiru damee Turizimii magaala seena-qabeettii Harar caalaatti kakaasuun dinagdee naannoo fi biyyaalessaatiif humna haaraa uumaa jira. Komisinarri Komishinii Turizimii Naannichaa Saamii Abdulwaasii akka ibsanitti, damee Turizimii naannicha jiru sadarkaa ol'aanaatti ceessisuu fi dandeettii isa keessa jiru guutummaatti fayyadamuuf hojiileen misoomaa bal'aan raawwatamaniiru jedhan. Hojiileen damee Turizimii cimsuuf hojjetamanis hambaaleen balaadhaaf saaxilamanii turan akka misoomanii fi qabiyyeesaanii eeggatanii dhalootaaf akka darban dandeessisuu isaa komishinarichi ibsanii, kunis kaka'umsa damee kanaatiif humna guddaa uumeera jedhan. Xiyyeeffannoo damee kanaaf kennameen hawwata Turizimii misoomsuu, yeroo turtii daawwattootaa dheeressuu fi dandeettii dinagdee damee kana irraa argamu guddisuurratti hojiileen fooyya'oon raawwatamuu isaanii ibsaniiru. Bara kana keessatti lakkoofsi turistoota alaa naannicha daawwatanii kan waggaa darbeerraa dhibbeentaa 47 caalmaa argisiisuusaanii kan ibsan komishinarichi, kunis bu'uraaleen misoomaa yeroo guutaman dameen Turizimii utubbaa ijoo dinagdee akka ta'u agarsiiftuudha jedhaniiru. Akka ibsa obbo Saamiitti, hojiileen damee Turizimii cimsuuf raawwataman turistoota biyya alaa bira dabbree, daawwattoota biyya keessaa, dhiibbaa uumtoota miidiyaa hawaasummaa fi qaamonni biroon Harar daawwatanii bareedina ishee addunyaaf akka beeksisaniif carraa bal'aa uumeera.
Bulchiinsi Magaalaa Shaggar bara baajatichaatti galii birrii biiliyoona 37.7 walitti qabeera
Jul 2, 2026 321
Waxabajjii 25/2018 (ENA): Bulchiinsi Magaalaa Shaggar bara baajataa kanatti galii birrii biliyoona 37.7 walitti qabuusaa Waajjirri Galiiwwan Magaalichaa beeksise. Bulchiinsi Magaalaa Shaggar erga hundaa'ee eegalee, pirojektoota gurguddoo misooma kooriidarii,bu'uraalee misoomaa diriirsuu fi miidhagina magaalaa bal'inaan raawwachaa jira. Fedhiiwwan misoomaa bal'aa kanaan dura jiran hamma danda'ametti dandeettii ofitiin deeggaruufi guddina waliigalaa magaalichaa ariifachiisuuf, dandeettii galii keessaa guddisuun hojii manaa dursa kennamuufii turedha. Waajjirichi bara baajataa kanaan galii ol'aanaa kana walitti qabuun isaa, pirojektoota misooma magaalichaa dandeettii ofitiin raawwachuu fi gaaffiiwwan bu'ura misoomaa uummataa deebisuuf carraaqqii taasifamaa jiruuf milkaa'ina guddaa akka ta'etti amanama. Itti gaafatamaan Waajjira Galiiwwan Bulchiinsa Magaalichaa obbo Malkaamuu Ambaawu ENAtti akka himanitti, bulchiinsa magaalichaa keessatti bara baajataa kanatti waliigala galii biiliyoona 39.6 walitti qabuuf karoorfamee akka ture ibsaniiru. Bara baajataa kanaan maddoota galii adda addaa irraa galii birrii biliyoona 37.7 walitti qabuun karoora qabame dhibbentaa 95 milkeessuun danda’amuu dubbataniiru. Halli walitti qabinsa galii kan milkaa’e Sirna sassaabbii galii fooyyessuu fi damee kanaaf xiyyeeffannoo addaa kennuu, Kaffaltoota gibiraatiif hubannoo walitti fufiinsa qabu uumuun danda'amuu isaatiin ta’uu ibsaniiru. Kanaan alatti, barmaatilee nagahee seeraa kutuu guddisuu fi teekinoolojii babal'isuun, kaffaltoonni gibiraa gibira isaanii karaa iftoominaa fi haqamumma qabuun akka kaffalan haalli mijeeffamuusaatiini jedhan. Yeroo ammaa kanatti kaffaltoonni gibiraa ol'aanoon 400 ol bakka jirani taa’anii karaa dijiitaalaatiin gibira fi kaffaltii isaanirraa eegamu raawwachuu danda'uu isaanii ibsaniiru. Al-Seerummaa ittisuuf hojiiwwan hojjetamaniin, bara baajataa kanaan daldaltoota karaa seera-alaatiin socho'anii argaman 6 irratti tarkaanfiin seeraa fudhatamuu ibsaniiru. Dabalataan, nagahee seeraa kutuu dhabuu isaaniitiin kan ka'e, daldaltoota 240 irratti adabbiin maallaqaafi bulchiinsaa akka raawwatame ibsanii, fuuldurattis hojmaata dijiitaalaa ammayyeessuu fi maamiltoota biratti hubannoo uumuurratti xiyyeeffatamee akka hojjetamu eeraniiru.
Ergaa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Jul 2, 2026 364
Oomisha biyya keessaa of danda’uun dabaluun bu’uura walabummaa dinagdee fi abbaa biyyummaa keenyaati. Warshaan dhagaa cilee ‘Yo Holding’ har’a Zoonii Gaamootti daawwanne fi Hagayya 2017 hojii eegale, fedhii industiriiwwan keenyaa oomisha biyya keessaatiin bakka buuse, alaa galchuu dhabamsiisee, jiraattota biyya keessaaf carraa hojii uumuun isaa ni yaadatama. Qabeenya uumamaa biyya keenyaa hojii cimaa biyya keessatti misoomsuun olaantummaa diinagdee keenya mirkaneessuuf imalli taasifamu itti fufa! #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena
Itiyoophiyaan hulaa Galaanaa yoo argatte biyya fayyadamtu malee biyyi miidhamtu akka hin jirre hawaasni addunyaa hubateera
Jul 2, 2026 310
Waxabajjii 25/2018 (ENA): Gaaffiin hulaa Galaanaa Itiyoophiyaa kan seenaa, seeraafi teessuma lafaa irratti hundaa’e, dhimma murteessaa fudhatama addunyaa qabu ta’uu isaa hayyoonni ibsan. Akka Hayyoonni ENA’f ibsanitti, hojiiwwan mirga abbummaa hulaa Galaanaa Itiyoophiyaa kabachiisuuf raawwataman karaa saayinsaawaafi dippilomaasii kan hordofanidha. Baandaa keessaafi humnoonni alaa Itiyoophiyaan waggoota soddoman darban olitti abbummaa hulaa Galaanaa uumamaafi seenaa ishee irraa adda baatee akka turtu gochuun isaanii ni yaadatama. Jijjiirama biyyaalessaa booda, mootummaan "Ida’amuu" dhimma dhalootaa ukkaamfamee ture dhimma faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa gochuun, gaaffii abbummaa hulaa Galaanaa gara fudhatama addunyaatti ceesiseera. Yuunivarsiitii Paablik Sarviisii Itiyoophiyaatti barsiisaan Dippilomaasiifi Hariiroo Addunyaa Indaalaa Nugusee akka himanitti, abbummaan hulaa Galaanaa faayidaa biyyaalessaa birmadummaa guutuu biyyattii mirkaneessudha jedhani. Gaaffiin abbummaa hulaa Galaanaa Itiyoophiyaa seenaa, teessuma lafaafi seera qabaachuu isaatiin alatti, dhimma murteessaa faayidaa biyyaalessaafi fedhii guddachaa jiru kan biyyaalessaafi lammiilee giddugala godhate ta'uu eeraniiru. Kanaanis, uummataafi mootummaan gaaffii abbummaa hulaa Galaanaa deebii argamsiisuuf, tarsiimoo dippilomaasii saayinsaawaa imaammata hariiroo alaa bu'a qabeessa ta'een deeggarame gara fudhatama addunyaatti ceesisuu isaanii ibsaniiru. Itiyoophiyaanonnis akkuma Hidha Haaromsaa tokkummaadhan dhugoomsan, tokkummaa isaanii cimsuun gaaffii dhalootaa kan ta'e abbummaa hulaa Galaanaa kabachiisuuf kutannoodhaan hojjechuun akka irra jiru ibsaniiru. Yuunivarsiitii Yuunitiitti barsiisaan Bulchiinsaafi Hariiroo Addunyaa Dr. Geetiyyee Tirfee gama isaaniitiin, Itiyoophiyaan hulaa Galaanaa dhabde shira humnoota diinatiin ta’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaan abbummaa hulaa Gaalaanaa ishee irraa akka fagaattuuf, shirri irratti raawwatame naannicha madda shororkeessitootaa gochuun, fayyadamummaa dinagdee waloo laamshessaa jiraachuu ibsaniiru. Yeroo ammaa kanatti abbummaan hula Galaanaa Itiyoophiyaa dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuu, faayidaa biyyaalessaa kabachiisuu ta'ee dhiyaachuun isaa dhimma fudhatama qabu ta'uu dubbataniiru.
Saayinsii fi teeknooloojii
Yuunivarsiitichi sanyii saawwan aannan fooyya’an horsiisuun qonnaan bulaa naannoosaatiif raabsaa jira
Jun 30, 2026 2152
Waxabajjii 23/2018 (ENA): Yuunivarsiitiin Amboo sanyii saawwan Aannan fooyya’an horsiisuun qonnaan bulaan naannichaa akka irraa fayyadamuuf deeggarsa gama isaatiin taasisaa jiraachuu beeksise. Yuunivarsiitii Amboo Kaampasii Gudar Maammoo Mazammiritti Itti Aanaan daarektara dhimmoota akkaadaamii Dr. Amaan Riqituu ENA’f akka ibsanitti, yuunivarsiitichi hojii baruu fi barsiisuu cinaatti, qorannoodhaan deeggaruun sanyii saawwan aannan fooyya’an horsiisee qonnaan bulaa naannoo sanaatiif akka qaqqaban taasisaa jira jedhan. Yuunivarsiitichi Aanaa Tokkee Kuttaayee waliin qindoomuun, kutaalee hawaasaa deeggarsi isaaniif malu adda baasuun, haala saawwan aannan fooya’aa kunneen itti dhiyaatan mijeessuun deeggarsa akka taasisan dubbataniiru. Kunis galii qonnaan bultootaa dabaluu bira darbee, naannichatti dhiyeessiin aannanii fi bu’aalee aannanii bal’inaan gabaadhaf akka dhiyaatu gochuu keessatti gahee guddaa taphachaa akka jiru ibsaniiru. Yuunivarsiitichi bara 2015 irraa eegalee hanga ammaatti saawwan aannan sanyiin isaanii fooyya’e 15 qonnaan bultoota naannoo sanatiif kennuu isaa dubbataniiru. Gama biraatiin, kaampasichatti hogganaan garee qorannoo horsiisa sawwan aannanii Obbo Tarreessaa Tamasgeen, yuunivarsiitichi omisha aannanii hawaasaa guddisuuf sanyii saawwan Horroo, Booranaa fi sanyii biyya alaa qorannoodhaan makuunii fi horsiisuun qonnaan bultoota naannootiif raabsaa akka jiru eeraniiru. Yeroo ammaa kanatti saawwan Aannan qorannoodhaan sanyiin isaanii fooyya’e 170 akka jiran kaasanii, isaan keessaas kurnan isaanii bara kana qonnaan bultootaaf qaqqabsiisuuf xiyyeeffannoodhaan hojjetamaa akka jiru ibsaniiru. Godina Shawaa Lixaa Aanaa Tokkee Kuttaayee irraa qonnaan bulaan Misgaanaa Lataa akka dubbatanitti, saawwan Aannanii Yuunivarsiiticha irraa isaaniif kenname irraa guyyaatti aannan hanga liitira 15 argachaa jiru. Omisha aannanii kana hawaasa naannootiif dhiyeessuun galii argataniin maatii isaanii haala gaariidhaan bulchaa akka jiran dubbataniiru.
Itiyoophiyaan guddina dinagdee dijitaalaaf bu’uura cimaa ijaaraa jirti
Jun 24, 2026 3456
Waxabajjii 17/2018 (ENA):Itiyoophiyaan guddina bu’uuraalee misoomaa, gahumsa dhaabbilee fi ogummaa dijitaalaatiin dinagdee dijitaalaaf bu’uura cimaa ijaaraa jirti jedhan gorsituu dijitaalaa Waajjira Ministira Muummee Miiriyaam Sa’iid. Mnistirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad bakka argamanitti yaa’iin ‘Itiyoophiyaan ni raawwatti’jedhu mata duree “jijjiirama irraa gara cehumsa itti fufinsa qabutti jedhu gaggeeffameera. Waajjira Ministira Muummeetti Gorsituu Dijitaalaa Miiriyaam Sa’iid; Itiyoophiyaan sirnoota kanaan dura gargar ciccitaa turan caasaa diinagdee walitti makame keessatti karaa eenyummaa dijitaalaa, kaffaltii fi waljijjiirraa daataa walitti makuun haala dandeessistuu hubannoo namtolchee (AI) ijaaraa akka jirtu himaniiru. Tajaajila mootummaa walitti hidhuu fi gahumsa lammiilee waliin guddisaa akka jiru ibsaniiru. Guddinni dinagdee dandeettii oomishaa, al-ergii fi invastimantii irratti kan hundaa’e ta’uu ibsuun, kana gara guddina fooyya’aatti jijjiiruuf sirna dijitaalaa cimsuun sirrii ta’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaan jijjiirama diinagdee bal’aa ta’een sochii diinagdee biyyattii albuudaa, qonna, magaalotaa fi bu’uuraalee misoomaa irratti haala mijeessuuf tooftaalee dijitaalaa hojiirra oolchaa jirti jedhan. Xiyyeeffannaan bu’uuraalee misoomaa tajaajila dijitaalaa saffisiisan sirna kaffaltii dinagdee keessatti bu’a qabeessa taasisuu, galmee, daldalaa fi hojiiwwan biroof haala mijeessaa jiraachuus hubachiisaniiru. Riifoormii dijitaalaa kana gara oomishtummaatti jijjiiruuf Itiyoophiyaan rakkoolee faayinaansii fi hanqina dandeettii ogummaa guddina damichaa gufachiisaa jiran furuu akka qabdu ibsaniiru. Humna hojjetaa gahumsa qabu kan teeknooloojii fayyadamuu danda’u oomishuuf hojiiwwan qulqullina barnootaa fooyyessanis hojiirra oolchaa jirti jedhan. Itti dabaluudhaanis, Inishiyeetiiviin Koodaroota Miiliyoona Shan lammiilee hedduu humneessuuf bal’inaan hojiirra oolaa jira jedhan. Itiyoophiyaan hubannoo namtolchee misoomsuu fi hojiirra oolchuuf dandeettii dhaabbilee, humna namaa fi teeknooloojii irratti xiyyeeffattee hojjechaa akka jirtus hubachiisaniiru. Itti dabaluudhaanis, Yuunivarsiitiin Namtolchee Yuunivarsiitii sadarkaa addunyaatti adda ta’ee, sirna leenjii fi qorannoo hojii waliin walqabsiisu ta’ee kan qophaa’e ta’uu ibsaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Itiyoophiyaan hubannoo nam-tolcheef bu’ura dinagdee mijataa ta’e kaa’aa jirti
Jun 23, 2026 2466
Waxabajjii 16/2018 (ENA)- Itiyoophiyaan hubannoo nam-tolcheef bu’ura dinagdee mijataa ta’e kaa’aa akka jirtu waajjira ministira muummeetti gorsituun dijitaalaa Miiriyaam Se’iid ibsan. Yaa’iin “Itiyoophiyaan ni raawwatti” jedhu mata duree jijjiiramarraa gara cehumsa fulla’aatti” jedhu bakka ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad argamanitti gaggeeffamaa jira. Waajjira ministiira muummeetti gorsituun dijitaalaa Miiriiyaam Se’iid Itiyoophiyaan Kanaan dura hojmaattota bittinnaa’aa turan eenyummaa dijitaalaatiin, kaffaltii fi waljijjiirraa daataatiin caasaalee dinagdee qindaa’aa keessatti galchuun hubannoo nam-tolcheef bu’ura dinagdee mijataa kaa’aa akka jirtu dubbataniiru. Biyyattiin tajaajila mootummaa walitti fiduun akkasumas dandeettii man-dhalee waloomaan guddisuu irratti akka argamtu ibsaniiru. Itiyoophiyaan riifoormii dijitaalaa kana gara oomishtummaatti jijjiiraa akka jirtu gorsituun kun ibsaniiru.
Mul’anni Itiyoophiyaa fakkeenya badhaadhinaa Afriikaa gochuuf kaa’ame gama hundaan milkaa’aa jira
Jun 20, 2026 4285
Waxabajjii 13/2018 (ENA)- Mul’anni Itiyoophiyaa fakkeenya badhaadhinaa Afriikaa gochuuf kaa’ame gama hundaan milkaa’aa jiraachuu ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsan. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad egzibiishinii bu’aalee riifoormii fooyyessa siviil sarviisii agarsiisu kan mata duree ‘dijitaalli ga’oomaaf’ jedhuun golambaa Saayinsiitti qophaa’e eebbisanii bananiiru. Egzibiishinii har’arraa eegalee guyyoota walitti fufan afuriif tururratti konkolaattota federaalaa socho’uun tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob gaazii fi elektiriikiin hojjetan eebbisanii hojii eegalchiisaniiru. Kana malees dhaabbilee kudha lama tajaajila isaanii wajjin waltajjii tokkorratti kan walitti fidu appilikeeshinii tajaajila dijitaalaa qindaa’aa ifatti eebbisanii hojii eegalchiisaniiru. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad yeroo kanatti ergaa dabarsaniin, mootummaan Itiyoophiyaa tajaajiloota dhaabbilee ammayyeessuuf hojii guddaa hojjechuusaa eeraniiru. Hojiileen riifoormii milkaa’oon tajaajiloota mootummaa ammayyeessuuf taasifaman Itiyoophiyaaf madda boonsaa ta’uudhaan invastimantii teeknooloojiin gaggeeffamuu fi kaayyoo irratti xiyyeeffate akka argamsiisan kan mirkaneessu ta’uu ibsaniiru. Dhaabbata mootummaa isa ijoo kan ta’e siviil sarviisiin jijjiiramee fi ammayyoomee arguun gammachuu namatti hora kan jedhan ministirri muummee, tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoobis bu’ura misoomaa dinagdee isa ijoodha jedhan. Hundaa ol milkaa’inni kun hawwii egeree Itiyoophiyaa ይqofa osoo hin taane, haqa harkaa fi dandeettii keenyaan kan ijaarru ta’uusaanii ifatti kan agarsiisu raga guddaa ta’uu ibsaniiru. Teeknooloojiin qonna Itiyoophiyaa, industirii, albuuda, turizimi fi tajaajilaa fi oomishtummaa industirii baankii ammayyeessuudhaan qooda olaanaa bahachaa akka jiru dubbataniiru. Milkaa’ina Itiyoophiyaa caalaatti cimsuun, muuxannoo obboloota keenya Afriikaatiif qooduun, akkasumas kana irra caalaatti bu’aa guddaa galmeessisuuf kutannoon gara fuulduraatti deemuun akka barbaachisu dhaamaniiru. Fooyya’iinsi tajaajila dhaabbilee mootummaa wiirtuu tokkoo Masoob irraa gara socho’aatti, itti fufuunis gara aplikeeshinii mobaayilaatti ce’umsa si’ataa taasise saffisa dinqisiisaan kan deeggarame ta’uu ibsaniiru. Sadarkaa Afriikaatti akka Masoob tajaajilli hundis sirna qindaa’aan kan itti kennamu akka hin jirre kan dubbatan Ministirri muummee, Itiyoophiyaanis waggaa tokko keessatti tokko jedhanii kan eegalani tajaajilli Masoob amma 70 irra gahuu isaa dubbataniiru. Itiyoophiyaan biyyoota muuxannoo irraa fudhatte waggoota kudhan keessatti torbaatama akka hin geenye eeruun, dhaqqabamummaan tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob Itiyoophiyaas saffisa dinqisiisaan babal’achaa jiraachuu isaa dubbataniiru. Aplikeeshiniin tajaajila dijitaalaa qindaa’aan kun Afriikaatti gama hundaan aplikeeshinii tajaajila qindaa’aa isa jalqabaati, jedhaniiru. Masoob wiirtuu tokkoon tajaajila argachuun dinqisiisaa ta’ee utuu jiruu, lammiileen bilbila harka isaaniitiin dhimma isaanii bakka jiranitti fi yeroo kamittuu tajaajilamuu kan isaan dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Yuunivarsiitiin Artiifishaal Intalajansii dhimmoota baay’eedhaan Itiyoophiyaa Afriikaatti fakkeenya kan ishee taasisu ta’uun isaa eeranii, badhaadhina mirkaneessuuf caalaatti tajjajila, hojii fi carraaqqii guddaa akka gaafatus eeraniiru. Itiyoophiyaa fi Itiyoophiyaanonni kan itti boonaan akka ta’an, ijoollee isheetiif biyya hiyyummaa hin dhaalchisne ijaaruun akka barbaachisu eeraniiru. Itiyoophiyaa fakkeenya badhaadhina Afriikaa taasisuuf mul’anni jiru gama hundaan milkaa’aa jiraachuu isaas ibsaniiru.
Ispoortii
Tapha mo’anii darbuu waancaa addunyaa 23 har’a galgalaa
Jun 30, 2026 1486
Waxabajjii 23/2018(ENA): Taphoota moo’anii darbuu Waancaa Addunyaa morkiin har’a Kootdivuwaar Noorweey waliin taasiftu ni eegama. Biyyoonni lamaan morkiin har’a galgala sa’aatii 2:00 eegalee waliin taasisan hawwiin eegama. Yeroo jalqabaaf har’a kan waliin taphatan biyyoonni kunneen marsaa itti aanutti darbuuf morkii cimaa taasisuun eegama. Akkasuma halkan sa’aatii 6:00 eegalee Faransaay Siwiidiin waliin taphatti. Biyyoonni lamaan taphoota kana dura waliin taphatan 24 keessaa Faransaay yeroo 12 yoo injifattu, Siwiidiin si’a 6 injifachuun, taphoota 6 ammoo qabxii qooddataniiru. Taphoota halkan edaa fi barii kana taphatamaniin Paaraaguwaay Jarman injifachuun, Moorokoon ammoo Neezarlaandis injifachuun marsaa itti aanuuf darbaniiru.
Ijaarsi Bu'uuraalee misoomaa Itiyoophiyaa gidduu-gala ispoortii Afriikaa fi Addunyaa taasisan cimee itti fufeera
Jun 29, 2026 1117
Waxabajjii 22/2018 (ENA): Itiyoophiyaa giddu-gala ispoortii Afriikaa fi Addunyaa taasisuuf hojiileen misooma dippilomaasii fi bu'uuraalee misooma ispoortii raawwatamaa jiraachuu Ministeerri Aadaa fi Ispoortii beeksise. De’eetaan Ministira Aadaa fi Ispoortii Makiyyuu Mahaammad ENA’f akka ibsanitti,jijjiirramaa booda damee misooma ispoortiif xiyyeeffannoon kenname jijjiirrama dachaa galmeessisuu danda’eera jedhani. Waltajjiiwwan Idil-Addunyaa irratti bakka bu'insa Itiyoophiyaa guddisuudhaan bifa biyyattii ijaaruu fi dippilomaasii ispoortii jabeessuuf hojjetamaa jira jedhaniiru. Kanaanis hoggantoonni waldaalee Ispoortii biyyaalessaa 14 sadarkaa Ardii fi Idil-Addunyaatti hogganaa ta'anii tajaajilaa akka jiranii fi hojiin kun cimee akka itti fufu dubbataniiru. Itiyoophiyaanonni waltajjii dorgommii ispoortii Idil-addunyaa irratti hirmaannaa fi bu'aa qabeessummaan isaanii dabalaa jiraachuu isaas ibsaniiru. Itiyoophiyaan sagantaalee Ispoortii sadarkaa Ardii fi Idil-Addunyaa keessummeessaa jiraachuu ishee eeranii, kunis bifa biyyattii ijaaruu keessatti shoora olaanaa akka qabu ibsaniiru. Finfinnee giddu-galeessa sagantaalee isportii Afriikaa fi addunyaa gochuudhaan Itiyoophiyaa damee kanaan caalaatti fayyadamtuu taasisuuf xiyyeeffannoodhaan hojjetamaa jira jedhan. Kanaafis hojiileen babal'isuu bu'uuraalee misooma ispoortii sadarkaa isaanii eeggatan raawwatamaa jiraachuu kaasanii, Istadiyeemoonni gurguddoon shan sadarkaa idil-addunyaa akka guutan hojjetamaa jira jedhaniir
Taphoota waancaa addunyaa mo’anii darbuu 32
Jun 28, 2026 2022
Waxabajjii 21/ 2018 (ENA): Taphoonni ramaddii waancaa addunyaa 2026 qopheessummaa Ameerikaa, Kaanaadaa fi Meeksiikoon taphatamaa turan xumurameera. Ramaddii isaaniirraa biyyoonni sadarkaa 1ffaafi 2ffaan xumuran kallattiin akkasumas biyyoonni dabalataa 8 ammoo sadarkaa 3ffaa filatamoo ta’uun taphoota mo’anii darbuu 32’tti makamaniiru. Haaluma Kanaan taphni mo’anii darbuu tapha’a har’a galgala sa’aatii 4:00 irraa eegalee Kaanaadaafi Afrikaan Kibbaa taphataniin eegala. Ramaddii 3ffaa irraa olaantummaan kan xumurte Biraazil Jaappaan waliin akkasumas ramaddii 5ffaa irraa mo’attee kan darbite Jarman Paaraaguwaay waliin ramadamaniiru. Kana malees Neezerlaandii fi Moorookoo, Kootdiivaar fi Noorweey, Faransaay fi ISwiidiin, Meeksiikoofi Ikkuwaadoor, Ingiliz fi RD Koongoo akkasumas Beeljiyeem fi Seenegaal kan waliin taphatan ta’u. Ameerikaa fi Boosniyaan, Ispeen fi Oostiriyaan, Poorchugaal fi Kirooshiyaan, Siwiizarlaandii fi Aljeeriyaan, Awustaraaliyaafi Ijipt, Arjentiinaafi Keeppi Verdeen akkasumas Kolombiyaafi Gaanaan waliin ramadamaniiru.
Atileetota lafaa dhufeeyyii filachuu fi hordofuuf sirna dijitaalaatti fayyadamuun xiyeeffannoon kennameera
Jun 17, 2026 5586
Waxabajjii 10/2018 (ENA): Federeeshiniin Atileetiksii Itiyoophiyaa sirna dijitaalaa haaraa ataileetota lafaa dhufeeyyii filachuu fi hordoffiif tajaajilu dhaabbataadhaan hiiku hojiirra oolchuuf hojjechaa jiraachuu beeksise. Akkasumas, teeknooloojiin dijitaalaa dhimmoota umurii wajjin walqabatan furuu keessatti gahee olaanaa akka qabu agarsiiseera. Itiyoophiyaan biyya atileetota gootota taate, injifannoo ijoolleen ishee galmeessisaniin maqaa ishee beekamtii fi alaabaa ishee dirree addunyaa irratti ol kaasaa jirti. Haa ta'u malee yeroo dhiyoo asitti bu'aan eegamu gama atileetiksiitiin galmaa'uu dhabuun isaa ni himama. Milkaa’ina atileetiksii idil-addunyaa Itiyoophiyaa eegsisuuf jecha atileetota itti aanan oomishuun dhimma xiyyeeffannoo argachuu qabu ta’uun isaa ifaadha. Hojii gaggeessaan olaanaa Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaa Dr. Amansiisaa Kabbadaa ENA waliin turtii taasisaniin akka himanitti, milkaa’ina itti fufiinsa qabu damichaa mirkaneessuuf atileetota dargaggoota irratti xiyyeeffachuun hojii hin hafnee fi murteessaa ta’uu ibsaniiru. Kanaaf Federeeshiniin Atileetiksii atileetota itti aanan bu’a qabeessa ta’anii fi biyyaaf ulfina fidan oomishuuf tooftaalee adda addaa qopheessaa fi hojiirra oolchaa akka jiru akeekaniiru. Federeeshinichi pirojektoonni akka biyyaatti hordofu sirna madaallii wal irraa hin cinne akka hordofan hojii jalqabuu isaa, akkasumas bu’a qabeessummaan pirojektootaa guddifamee atileetota dargaggoota oomishuuf akka ta’e hubachiisaniiru. Sirni haaraan kun rakkoolee adeemsi madaallii gaarii hin taanee fi pirojektoota keessatti deeggarsa maallaqaa yeroodhaan argachuu dhabuun mul’atu fureera jechuun hubachiisaniiru. Pirojektoota keessatti atileetota dargaggootaa itti dhiyeenyaan hordofuu fi atileetota gahumsa qaban oomishuuf sirni dijitaalaa hojiirra oolaa jiraachuu akeekaniiru. Sirni dijitaalaa kun keessumaa gufuulee umuriin walqabatan sirreessuun atileetiin tokko umurii isaaf malu irraa akka hirmaatu kan taasisu ta’uu ibsaniiru. Sirni dijitaalaa kun guutumaan guututti hojirra yommuu oolu dargaggoota atileetota gahumsa qaban akka dorgomanii fi biyya bakka bu’an jajjabeessuu keessatti ga’ee ol’aanaa qaba jedhaniiru. #TOI #ENA Afaan Oromoo #
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
“Ajandaa ijaarsa biyyaa irratti garaagarummaa hin qabnu!”- Miseensota Mana Maree Waloo Partiilee Siyaasaa Naannoo Oromiyaa
Jul 2, 2026 320
Waxabajjii 25/2018( ENA) : Paartileen siyaasaa Miseensa Mana Marii Waloo Naannoo Oromiyaa guyyaa har’aa sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaa irratti qooda fudhachuun magaalaa Shaggar kutaa magaalaa Malkaa Noonnootti waloodhaan biqiltuu dhaabaniiru. Ergaa ijoo “ Abdii haa dhaabnu” jedhuun ashaaraa magariisaa kaa’uun biyya magariituu dhalootaaf mijattuu taate uumuuf saganticharrtti hirmaataniiru. Bara kana sosochiin sagantaa ashaaraa magariisaa guutuu Oromiyaatti itti fufee jira. Paartileen siyaasaa Miseensa Mana Maree Waloo Naannoo Oromiyaas guyyaa har’aa magalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Malkaa Noonnootti waloodhaan biqiltuu dhaabuudhaan sagantaa Ashaaraa magariisaa bara kanaa keessatti qooda fudhataniiru. Miseensoonni mana marichaa sagantaa Ashaaraa Magariisaa kanarratti qooda fudhatanis dantaa biyyaaleessaa irratti garaagarummaa tokko malee waloodhaan dhaabachuun qajeeltoo keenya waan ta'eef,sagantaa ijaarsa biyyaa akkanaarratti qooda fudhachuun itti gaafatamummaa seenaa bahachuudhaaf har'a sagantaa kanarratti hirmaanneerra jedhaniiru. Barreessaan mana maree Paartilee siyaasaa Naannoo Oromiyaa Obbo Taarikuu Dinbaruu “Ashaaraan magariisaa dhimma waloota’uu ibsaniiru. Ajandichi dhalootaaf kan hojjetamu ta’uu ibsuun, bu’aan gama Kanaan argaa jiranis kan dhinqisiifatan ta’uu ibsaniiru. Hojiilee ijaarsa biyyaa fi dantaa biyyaaleessaarratti garaagarummaa hin qabnu; fulduraafis hin qabaannu jedhaniiru. Daawwit Waarisaa Araarsoo Paartii Sooshaal Dimokiraasii irraa akka himanitti,gaaffii misoomaa ummata keenyaa waliin deebisuu qabna jedhaniiru. Garaagarummaan siyaasaa jiraatullee, ijaarsa biyyaarratti itti gaafatamummaa waloo akka qaban ibsaniiru. Waamicha mootummaan waloon akka hojjennuuf dhiyeesse fudhannee qindoominaan hojjechaa jirra jedhaniiru. Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaatti Hogganaan Damee Ijaarsa Dimokiraasii obbo Mogos Ida’ee sagantaa kanarratti yaada kennaniin, dhimma waloo irratti waloon hojjechuun Kun aadaa siyaasaa biyya kana jijjiiruu keessatti tarkaanfii tokko ta’uu ibsaniiru. Manni Maree Waloo Paartiilee Siyaasaa yeroo filannoo duwwaa osoo hin taane, yeroo kamiyyuu dhimmoota waloo fi dantaa biyyaaleessaa irratti waliin hojjechuuf qajeeltoo fi ejjennoo cimaadhaan waloodhaan hojjechaa jira jedhan. Kunis aadaan siyaasaa biyya keenyaa adeemsaan jijjiramaa fi ammayyaa’aa dhufuu kan mul’isu ta’uu ibsaniiru. Hojii ashaaraa magariisaa kaa’uu guyyaa har’aa hojjetameen alattis manni marichaa hojiiwwan tajaajila lammummaa biroo ijaarsa biyyaa keessatti hiika qaban hojjechuuf karoorsee qindoominaan socho’aa jiras jedhan. Manni Mariichaa har’a waareen booda karoora waloo hojii itti aanuu irrattis kan mari'atan ta'uu ibsameera.
Bu'aa Sagantaa Asharaa Magariisaa qabatamaan argachaa waan jirruuf saganticharratti hirmaachaa jirra – Jiraattota Godina Jimmaa
Jun 29, 2026 2371
Waxabajjii 22/2018 (ENA): Faayidaa sagantaa ashaaraa magariisaa qabatamaan argachaa waan jirruuf, saganticharratti waggaa waggaadhaan hirmaachaa jirra jechuun jiraattonni Godina Jimmaa ENA’n dubbise ibsaniiru. Godina Jimmaa Aanaa Sokorruutti sagantaan jalqabsiisa biqiltuu dhaabuu ashaaraa magariisaa, Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaatti itti gaafatamaan Damee Siyaasaa Obbo Namarraa Bulii, Hogganaa Biiroo Qonna Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu fi hoggantoonni mootummaa Godinaa fi aanaa biroon bakka argamanitti eegalameera. Kana malees, miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa Ajaja Giddugaleessaa fi hojjettonni dhaabbilee mootummaa dabalatee kutaaleen hawaasaa garaagaraa hirmaachaa jiru. Jiraattota godinichaa biqiltuu dhaaburratti hirmaatan keessaa tokko kan ta'an Barsiisaa Biyyaa Abbaadiggaa, faayidaa sagantaa ashaaraa magariisaa qabatamaan argachaa waan jirruuf saganticharratti hirmaachaa jirra jedhani. Waggoottan darbatanitti biqiltuun naannoo isaaniitti dhaabaman naannicha, magariisaa taasisuu isaanii ibsuun, dhuunfaan biqiltuu dhaaban irraas fayyadamoo ta'uu jalqabuu isaanii dubbataniiru. Hundi namaa hirmaannaa sagantaa biqiltuu dhaaburratti taasisu akka jabeessus dhaamsa dabarsaniiru. Qonnaan bultoonni Abbaaraayyaa Sheekii fi Mahaammadsaanii Abbaadiggaa gamasaaniitiin, biqiltuun waggoottan darbatanitti dhaabaman bifa naannoo isaanii jijjiiruu irra cinatti dhiqama biyyee akka ittiseef ibsaniiru. Biqiltuu kanaan dura dhaabamerraa faayidaa argachaa jiran hordofuun, har'as roobni utuu isaan hin daangessin biqiltuu dhaaburratti hirmaachaa akka jiran dubbataniiru. Hogganaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaatti Damee Siyaasaa Obbo Namarraa Bulli; biqiltuun waggoottan darbatanitti dhaabaman faayidaalee hedduu argamsiisaniiru jedhan. Kunis jijjiirama qilleensaa ittisuu fi dhiqama biyyoo hanbisuu dabalatee faayidaa guddaan kan irratti argamedha jedhaniiru. Sagantaa kanaan naannichatti omishtummaan bunaa fi dammaa guddachuu isaa ibsuun, qabeenya bishaanii keenya eeguu fi lammiileef carraa hojii uumuu dandeessiseera jedhaniiru. Hogganaan Biiroo Qonna Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu gama isaaniitiin; naannichatti waggoottan torban darban keessatti biqiltuu dhaabaman keessaa dhibbeentaa 85 kan ta'an qabachuu isaanii dubbataniiru. Naannichatti sagantaan ashaaraa magariisaa bu'aa qabatamaa fidaa waan jiruuf cimee akka itti fufus hubachiisaniiru. Godina Jimmaatti Ganna kana biqiltuu miiliyoona 365 dhaabuuf karoorfachuu kan ibsan ammoo Bulchaa Ol'aanaa Godinichaa Obbo Tijjaanii Naasiridha. Miseensi Raayyaa Ittisa Biyyaa Ajaja Giddugaleessaa Dalool, Ajajaa kudhanii Ashannafii Alamuu sagantaa ashaaraa magariisaarratti yeroo shanaffaatiif hirmaachaa akka jiran dubbataniiru. Ashaaraan magariisaa faayidaalee dinagdee damee hedduu akka qabu hubachuu isaaniitiin ganamaan saganticharratti hirmaachaa akka jiran ibsaniiru.
Biqiltoonni har'a dhaabnu jijjiirama qilleensaaf furmaata - Afyaa'ii Sa’aadaa Abdurahmaan
Jun 29, 2026 929
Waxabajjii 22/2018 (ENA): Biqiltoonni har’a dhaabnu kun biyya keenya qofaaf osoo hin taane addunyaa guutuuf furmaata jijjiirama qilleensaa ta’u jedhan Af-yaa’iin Mootummaa Naannoo Oromiyaa aadde Sa’aadaa Abdurahmaan. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa bara kanaa naannoo Oromiyaa Godinoota adda addaatti eegalamaa jira. Sagantaan biqiltuu dhaabuu kun magaalaa Shaggar, kutaa magaalaa Buraayyuu, aanaa annee Diimaatti, bakka Afyaa’iin Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Oromiyaa Sa’aadaa Abdurahmaan fi Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Shaggar Dr. Tashoomaa Addunyaa hawaasa naannoo waliin ta’uun gaggeeffameera. Aadde Sa’aadaan wayita sana akka himanitti, Sagantaan Ashaaraa Magariisaa jijjiirama qilleensaa ittisuu qofa osoo hin taane, wabii nyaataa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa taphataa jira jedhani. Kantiibaan Magaalaa Shaggar Dr. Tashoomaa Addunyaa ammayyummaa magaalaaf gaheen ashaaraa magariisaa olaanaa dha jedhan. Waggoota darbanitti magaalichatti biqiltuun miiliyoona 71 ol dhaabamuu eeruun kantiibaan kun, lafti manca’e deebi’ee akka dandamatu kan taasisee fi namoota hedduuf carraa hojii kan uume ta’uu ibsaniiru. Sagantaa ashaaraa magariisaa bara kanaatiin magaalichatti biqiltuuwwan gosa adda addaa fi faayidaa adda addaa qaban miiliyoona 19.1 dhaabuuf qophiin taasifamuus kantiibaan kun eeraniiru. Biqiltuun dhaabame kaayyoo yaadameef akka ooluuf hawaasni of eeggannoo addaa gochuu fi eegumsa gochuu akka qabus dubbataniiru.
Naannoo Oromiyaatti Ganna kana biqiltuuwwan faayidaa adda addaa qaban ni dhaabamu
Jun 29, 2026 1051
Waxabajjii 22/2018(ENA): Naannoo Oromiyaatti Ganna kana biqiltuuwwan faayidaa adda addaa qaban akka dhaabaman Itti aanaan Pireezidaantii Naannichaa obbo Awwaluu Abdii ibsan. Godinaalee naannichaa adda addaa keessatti sagantaan jalqabsiisa Ashaaraa Magariisaa baranaa kan adeemsifame yoo ta'u, Itti Aanaan Pireezidaantii naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdii Godina Shawaa Lixaa Aanaa Dandiitti argamuun ashaaraa isaanii kaa'aniiru. Itti aanaan Pireezidaantii obbo Awwaluu Abdii wayita sana akka dubbatanitti, hojiilee sagantaa ashaaraa magariisaa waggoota darban raawwatamaniin hojii misooma diinagdeetiif bu'uura kaa’aa jiru jedhani. Keessattuu sagantichaan biqiltuuwwan dhaabaman kan nyaataaf oolan madda diinagdee dabalataa ta'uu eegaluu isaanii ibsaniiru. Kana qofa osoo hin taane, sagantichi naannichaa keessatti dargaggoota baay'eedhaaf carraa hojii kan uume yoo ta'u, gabbina biyyee fi magariisummaa naannoo dabaluu isaas dubbataniiru. Sagantichi imala gargaarsarraa gara oomishtummaatti taasifamaa jiru galmaan ga'uufis gargaaraa akka jiru eeraniiru. Ganna kanaan sagantaa ashaaraa magariisaatiin naannichatti biqiltuuwwan faayidaa hedduu qaban lafa hektaara kuma 94 irratti ni dhaabamu jedhaniiru. Bulchaan Godina Shawaa Lixaa obbo Diidhaa Guddataa gama isaaniitiin, Godinichatti sagantaan biqiltuu ashaaraa magariisaa dhaabuu adeemsifamaa ture faayidaa hedduu argamsiisaa jira jedhaniiru. Waggoota darbanitti biqiltuuwwan dhaabamee kanaan miidhaginni Haroo Dandii dabalaa dhufuu isaa kaasanii, biqiltuun har'a dhaabnu kun dhaloota boruutiif faayidaa guddaa qaba jechuun ibsaniiru. Sagantaa biqiltuu dhaabbii kana irratti jiraattonni naannichaa bal'inaan hirmaataniiru.
Gabaasa addaa
Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti - Itti aanaa Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa
Jun 9, 2026 10203
Waxabajji 2 /2018 (ENA): Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti jedhani itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan muummee ministiraa Pirojektoota misoomaa adda addaa magaalaa Woldiyaatti ijaaraman eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Yeroo eebba kanaatti pirojektoonni misoomaa eebbifaman imala biyyattiin gara fuulduraatti taasiftu kan agarsiisan yoo ta’u, guddinni Itiyoophiyaa eenyullee dhaabuu akka hin dandeenye kuni ragaadha jedhan. Itti aanaan ministira muummee kun ummanni magaalaa Woldiyaa finxaaleyyii fi qoqqoodinsa mormuudhaan kan beekamu ta’uu ibsuun, filannoon isaanii irra deddeebiin nagaa fi mootummaa cimaa ta’uu isaa kan argisiisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan baandota irratti qabsaa’aa jira jedhani. Waggoota 50 fi 60 darbaniif warri yaada dulloomaatiin qabaman guddina ariifataa biyyattii hubachuu akka hin dandeenyes ibsaniiru. Warri bosona keessa jiran jijjiirama guddaa biyyatti dhufe kan akka misooma koridarii, maaddii guutuu, pirojektoota misoomaa fi oomisha qamadii arguu akka hin dandeenye dubbataniiru. Misoomni koridarii magaalota keessatti gaggeeffamaa jiru dhimma bareedinaa qofa osoo hin taane magaalota ammayyeessuun sadarkaa jireenyaa ummataa ol kaasuuf kaayyoo ta’uu ibsaniiru. Magaalonni Itiyoophiyaa magaalota Baha Afriikaa fi addunyaa waliin dorgomuu akka qaban ibsaniiru; akkasumas tajaajila ammayyeessuuf tajaajilli giddugala tokkoo guutuu biyyattiitti babal’achaa akka jiru hubachiisaniiru. Manneen kitaabaa ummataa, manneen kitaabaa dijitaalaa fi kaffeewwan saayinsii magaalaa Woldiyaatti ijaaraman odeeffannoo guyyaa guyyaa irraa gara beekumsaa fi qorannoo gadi fagootti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan, abbootii qabeenyaa fi ummanni pirojektoota misoomaa eegalaman gara baadiyyaatti babal’isuun badhaadhina biyyattii dhugoomsuuf waliin hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 12772
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.