ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Godina Gujiitti dhaabbilee oomishtootaa fi tajaajila kennaniif walitti hidhamiinsi gabaa birrii miiliyoona 348 ol ta’u uumameera.
Jan 13, 2026 61
Amajji 5/2018(ENA) - Ji'oota jahan darban keessatti intarpiraayizoota godina Gujii keessa jiraniif walitti hidhamiinsa gabaa birrii miiliyoona 348 ol mijeessuu Waajjirri Carraa Hojii Uumuu fi ogummaa godinichaa beeksise. Waajjirichatti ogeessi carraa hojii uumuu obbo Biraaraa Gammadaa ENAtti akka himanitti, ji’oota jahan darban keessa dhaabbilee qonnaa, indaastirii godoo, ijaarsaa fi tajaajila godinicha keessatti bobba’aniif bakki hojii fi bakki gurgurtaa kennameera. Intarpiraayizoonni kunniin,kan aannanii,foonii,killee akkasumas gaagura kanniisaa,meeshaalee manaa fi biiroo fi kanneen biroollee oomishuun gabaaf dhiyeessuu isaanii ibsaniiru. Bu’aa qabeessummaa Intarpiraayizootaa guddisuuf oomishtootaa fi tajaajila kennitoota 537f walitti hidhaminsi gabaa uumameeraafi jedhani. Intarpiraayizoota walitti hidhaminsi gabaa uumameefii interpiraayiziin Bilisee Qumnagar gaagura ammayyaa hojjetu isa tokko dha. Qindeessaan intarpiraayizichaa obbo Habtaamuu Mannaa, walitti hidhamiinsa gabaatiin oomisha isaanii baay’inaanii fi qulqullina olaanaan dhiyeessuudhaan galii isaanii guddisuu akka danda’an eeraniiru. Walitti hidhamiinsa gabaa mootummaan uume fayyadamuun meeshaalee harkaa ammayyaa baay’inaan oomishaa akka jiran ibsaniiru. Hanga ammaattis Bulchiinsa Magaalaa Adoolaa, Bulchiinsa Aanaa Girjaa fi Aanaa sooraatiif gaagura ammayyaa 240 gatii madaalawaadhaan dhiyeessuun fayyadamoo ta’uu eeraniiru. Dabalataan, gurgurtaa meeshaalee gaagura ammayyaa waajjira damee mootummaaf dhiyeessan irraa birrii kuma 360 ol akka argatan himaniiru. Shamarreen Dastaa Girmaa hiryyoota ishee shan waliin gurmaa’uun hojii xaawulaa baqaqsuu irratti bobbatee fayyadamuu ta’uu ibsiteetti. Kanaan dura hojii dhabuun barnoota yunivarsiitiidhaa eebbifamtee kan turte ta’uu eeruun, wayita ammaa magaalaa Adoolaatti lafa hojiitti hojjetan mootummaan isaaniif mijeessetti gammaduu ibsiteetti. Hojii isaanii guddifachuufis kan tattaafatan ta’uu eerteetti. Walitti hidhaminsi gabaa uumamuuniifii immoo hojii isaanii qulqullinaa fi baay’inaan akka oomishan isaan gargaaruu dubbatteetti.
Qulqullina Tajaajila fayyaa mirkaneessuuf damicha Innoveeshiniin deeggaruun cimee itti fufa
Jan 13, 2026 57
Amajjii 5/2018(ENA)-Qulqullina Tajaajila fayyaa mirkaneessuuf damicha Innoveeshiniin deeggaruun cimee akka ittifufu Deetaan Minisira Fayyaa Saahirallaa Abdullaahii ibsan. Yaa’iin Qulqullinaa fi Inooveeshinii Tajaajilla Fayyaa Biyyoolessaa qopheessummaa Biiroo fayyaa Oromiyaan Magaalaa Bishooftuutti gaggeeffamaa jira. Deetaan Ministira Fayyaa Saahirallaa Abdullaahii waltajjicharratti akka dubbatanitti , Qulqullina Tajaajila fayyaa fooyyessuun dhibeewwan daddarboo fi daddarboo hin taane ittisuurratti xiyyeeffannoon kennameera. Qulqullina Tajaajila fayyaa fooyyessuuf Innoveeshinii fi Dijiitaalayizeeshiniirratti bal’inaan hojjechuun dhaqqabamummaa haqa qabeessa mirkaneessuuf hojjetamaa jira jedhaniiru. Hogganaan Biiroo fayyaa Oromiyaa Pirofeesar Natsaannat Warqinaa gamasaanin, naannichatti qulqullina tajaajila fayyaa fooyyessuuf, Dijiitaalaayizeeshiniif , ijaarsa humna namaa fi galtee wal’aansaa guutuurratti bal’inaan hojjetamuu kaasaniiru. Qulqullina tajaajila fayyaa milkeessuuf tattaaffii taassifamu qaamolee qooda fudhattootaa hirmaachisuu fi kalaqawwan haaraa gara hojiitti galchuun itti quufinsa maamilaa dhugoomsuuf hojjetamaa jira jedhaniiru. Haqa qabeessummaa Qulqullina tajaajila fayyaa fi dhaqqabamummaarratti bu’aa argame ittifufsiisuuf hojiiwwan innooveeshinii fayyaa aadeffachuu fi tumsasaa cimsuu akka qaban dubataniiru. Hojiiwwan Innoveeshinii damee fayyaa egzibiishiniiwwan mul’isan, Qorannoo fi qo’annoowwan akkasumas tumsa kan cimsan mariiwwanii fi taateewwan biroon yaa’ichaan raawwatamu jedhaniiru. Yaa’icharratti Hoggantoonni Federaalaa fi Naannoolee, bakka bu’oonni Dhaabbata Fayyaa Addunnyaa fi UNICEF Dhaabbileen Qorannoo, dameelee dhunfaa fi Dhaabbileen Miti-Mootummaa hirmaataniiru.
Naannoo Oromiyaatti bara bajataa baatiiwwan jahan keessatti pirojektoota invastimantii kuma 8 ol hojiitti akka galaniif murteen kennameera
Jan 13, 2026 45
Amajji 5/2018(ENA) – Naannoo Oromiyaatti walakkaa waggaatti pirojektoonni invastimantii kuma 8 ol kaappitaala birrii biiliyoona 262 ol galmeessisan gara hojiitti akka seenaniif murtee kennuu Biiroon Invastimantii fi Industirii Naannoo Oromiyaa beeksise. Murtee Boordiin Invastimantii Naannichaa dhaabbilee damicharratti bobba’uuf iyyata dhiyeessan ilaalchisee itti Gaafatamaan Biiroo Invastimantii fi Industirii Naannichaa Ahmad Idris har’a ibsa laataniiru. Ibsa isaanii keessatti, Zoonii Diinagdee Addaa Gadaa dabalatee magaalonnis invastimantii hawachuuf hojii isaanii cimsuun kan hojjetame yoo ta’u, kenniinsa tajaajila giddugala tajaajila iddoo tokkootti kennuun kenniinsa tajaajila invastimantii fooyyessuun hojjetamaa tureera jedhan. Boordiin Invastimantii Naannichaa walgahii marsaa jalqabaa Onkololeessa keessa gaggeesseen kaappitaala birrii biiliyoona 90 ol pirojektota galmeessaniif pirojektoota kuma 3 fi 163f murtee invastimantii kenneera. Pirojektoonni kunniin gaafa guutummaa guutuutti hojiitti galan lammiilee kuma 200 ol ta’aniif carraa hojii uumuu jedhan . Haaluma wal fakkaatuun Boordichi waltajjii baatii Muddee keessa gaggeesseen, pirojektoota kuma 5 fi 158 kaappitaala birrii biliyoona 172 galmeessaniif eeyyama invastimantii akka argataniif murtee dabarsuu himaniiru. Qaamoleen gara invastimantii akka ce’an eeyyamamaniif invastimantii kallattiin biyya alaa, abbootii qabeenyaa biyya keessaa, qonnaan bultoota qabeenya fooyya’aa horatan, dargaggoota damee IMXn gurmaa’an fi waldaalee hojii gamtaa ta’uu ibsaniiru. Pirojektoonni invastimantii oomisha bakka bu’aa irratti kan xiyyeeffatamu ta’uu eeruun, pirojektoota invastimantiin mirkanaa’eef keessaa 148 damee bunaa irratti kan hirmaatan akka ta’an ibsaniiru.
Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa Lakkoofsa Gabatee konkolaataa Teekinooloojii Ammayyaa qaban hojiirra oolchuufi
Jan 13, 2026 44
Amajjii 5/2018(ENA)- Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa lakkoofsa gabatee konkolaataa amma itti fayyadamaa jiru, Gabatee teekinoolojii ammayyaa qabateen jijjiiruuf ta’uu Ajajaan Poolisii Federaalaa Itiyoophiyaa Komishinar Jeneraaliin Dammallash Gabramikaa’el beeksisan. Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa raawwii karoora baatii 6 bara baajataa 2018 gamaggama gaggeesseera. Ajajaan Poolisii Federaalaa Itiyoophiyaa Komishinar Jeneraaliin Dammallash Gabramikaa’el akka dubbatanitti, lakkoofsa gabatee poolisiin amma itti fayyadamaa jiru akka jirutti jijiiruun lakkoofsa gabatee haaraa fi ammayaa’aa yeroo dhihoottu hojiirra oolchuuf qophii xumuruu dubbataniiru. Kunis dhaabbatichi yakka ittisuu fi hojii qorannoo kara ammayyaa’aan gaggeessuuf hojiiwwan riifoormii gaggeessaa ture keessaa tokko ta’uu dubbataniiru. Gabateen haaraan furtuuwwan teekinooloojii Ammayyaa’aa kan qabu yoo ta’u Poolisii Federalaa Itiyoophiyaa qofa kan bakka bu’u gahumsa ogummaa dhaabbatichaa akkasumas sadarkaa naamusaa qabu kan mul’isu ta’uu ibsaniiru.
Magaalaa fi baadiyaatti bu'uuraaleen misoomaa fayyadamummaa waliigalaa lammiilee mirkaneessan bu'aa argamsiisaa jiru - Ministira Caaltuu Saanii
Jan 13, 2026 52
Amajji 5/2018(ENA) - Magaalaa fi baadiyaatti bu'uuraaleen misoomaa fayyadamummaa waliigalaa lammiilee mirkaneessan bu'aa argamsiisaa jiru jedhan Ministirri Misoomaa Magaalaa fi Bu’uura Misoomaa Caaltuu Saanii. Pirojektoonni misooma koridaraa bu’a qabeessa ta’an magaalota 76 keessatti hojjetamaa jiru. Ministirri Misooma Magaalaa fi Bu'uura Misoomaa Caaltuu Saanii gandoota manneen jireenyaa, misooma magaalaa fi baadiyyaa biroo bulchiinsa naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Kibba Lixaatti ijaarame ilaalchisuun ibsa kennaniiru. Ibsa isaaniin waggoota muraasa keessatti hojiin misoomaa nama irratti xiyyeeffate magaalaa fi baadiyyaa keessatti bu’aa misoomaa bal’aa kan magaalota miidhagsee fi fayyadamummaa lammiilee hunda galeessa mirkaneesse galmeessuu isaa ibsaniiru. Akka fakkeenyatti naannoo Amaaraa magaalaa Saqoxaa, naannoo Tigraay magaalaa Maqalee akkasumas magaalaa Harar dabalatee magaalota naannoolee adda addaatti tajaajila lammummaan lammiilee hedduu fayyadamaa taasisuun, manneen jireenyaa ijaaramaniiru jedhan. Sagantaa tola ooltummaa Ganna bara kanaa irratti Godina Oromiyaa Shawaa Kibba Lixaa Tulluu Araraatti Gandi Moodeela qindaa’aa ijaaramee ummataaf banaa taasifamuu ibsaniiru. Misooma koridaraa magaalaa Finfinnee akka milkaa’ina gaariitti eeruun, hojiin misooma koridaraa magaalota 76 keessatti ijaaramaa jirus fayyadamummaa lammiilee hunda galeessa mirkaneessaa jiraachuu himaniiru. Misoomni koridaraa magaalaa, dandeettii carraa hojii uumuu fi sochii dinagdee uuman bira darbee magaalota gidduutti miira dorgommii gaarii ta’e uumuuf akka gargaaru ibsaniiru. Hojiileen bu’uuraalee misoomaa akka biyyaatti magaalaa fi baadiyyaatti hojjetamaa jiran badhaadhina guutuu Itiyoophiyaa kan mirkaneessan ta’uu eeraniiru.
Siyaasa
Ijaarsi seenessa waloo pirojektii hirmaannaa qaamolee hundaa barbaadu kan itti fufiinsa qabudha
Jan 13, 2026 60
Amajjii 5/2018(ENA)- Ijaarsi seenessa waloo pirojektii biyyaalessaa hirmaannaa qaamolee hundaa barbaadu kan itti fufiinsa qabu ta’uusaa hogganaan waajjira pirezidaantii naannoo Oromiyaa doktar Abdula’iiz Daawud ibsan. Konfiransiin seenessa biyyaalessaa bocuu fi dhaabbata taasisuuf magaalaa Jimmaatti gaggeeffamaa ture walii galtee “ibsa walii galtee Jimmaa” baasuun xumurameera. Hogganaan waajjira pirezidaantii naannoo Oromiyaa doktar Abdula’iiz Daawud cufiinsa konfiransichaarratti haasawa taasisaniin, waltajjichi seenessa biyyaa ilaalchisuun mariin gadi fageenyaa kan irratti taasifamee fi bu’a qabeessa akka ture ibsaniiru. Ijaarsi seesessa waloo yeroo tokkotti kan xumuramu osoo hin taane pirojektii biyyaalessaabitti fufiinsa qabu ta’uu eeruun, adeemsichi hirmaannaa qaamolee hundaa akka barbaadu cimsanii kaasaniiru. Keessumaa qoodni dhaabbilee amantaa fi hawaasa siviikii olaanaa ta’uu dabalanii dubbataniiru. Kanaaf waltajjiin jajjabeessaan wiirtuun qaroomaa fi siyaasa nagaa(CRPP)’n jalqabe kana cimsee itti fufuu akka qabu eeraniiru. Mootummaan naannoo Oromiyaa pirojektiin biyyaalessaa waloo ta’e kun akka galma ga’uu fi akka milkaa’u qoodasaa akka gumaachu mirkaneessaniiru. Qophheessota, hayyootaa fi hirmaattota mariin kun akka milkaa’u gumaacha taasisan galateeffataniiru.
Filannoo Biyyoolesaa torbaffaa karaa Dimokiraatawaa fi Haqa qabeessata’een gaggeessuuf qophiin taassifameera
Jan 13, 2026 81
Amajjii 5/2018(ENA)- Filannoo Biyyoolessaa 7ffaa karaa Dimokiraatawaa fi Haqa qabeessa ta’een gaggeessuuf qophiin ga’aan taassifamuu Afa-yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota uummataa Taaggasaa Caafoo ibsan. Manni maree bakka bu’oota ummataa seera baastota biyyoolessaa waliin waltajjii marii waloo magaalaa Bishooftuutti gaggeessaa jira. Waltajjiin marii waloo Hariiroo sirna mootummootaa murteessuuf bu’uura labsii lakkoofsa 1231/2013 baheen gaggeeffama. Imaammatawwanii fi seeronni Mootummaa Federaalaa raawwii walitti dhihaatu , walii galtee waloo, haqa hawaasummaa, nageenya fulla’aa fi Bulchiinsa gaarii , Dimokiraasii fi eegumsa mirga Namoomaa akkasumsa hawaasa siyaas-diinagdee tokkoo ijaaruuf kan kaayyeffatedha. Afayaa’iin mana maree bakka bu’oota ummataa Taaggasaa Caafoon wayita kana waltajjiin marii waloo seera baastota biyyaalessaa nageenyaa fi misooma waaraa mirkaneessuun hawaasa siyaasaa fi dinagdee tokko ijaaruuf murteessaa ta’uu ibsaniiru. Kanaanis waltajjiin marii bara Kanaan dhimmoonni waqtaawaa fi biyyoolessaa ka’anii Seera Baastota Federaalaa fi naannoolee waliin mariin nitaassifama jedhaniiru. Waltajjii Kanarratti qophii filannoo waliigalaa 7ffaa fi shoora manneen maree, sanada xiinxalaa fi qorannoo baajata paabilikii fi faayinaansii akkasumas sanada oodiitii seeraa irratti akka mari’atamu ibsaniiru. filannoo waliigalaa 7ffaaf Mootummaan haala mijataa uumuuf dhiyeessii galtee fi gahee ilaachisee marii gaggeessuu dubbataniiru. Manni Maree Bakka Bu’oota ummataa fi Manni maree Nannoolee filannoo walii galaa bara kanaa filannoo marsaa 6ffaarraa haala fooya’een akka gaggeeffamuuf gahee qindeessummaa keenya gahuumsaan bahuu qabna jedhaniiru. Manni Maree Bakka Bu’oota ummataa Riifoormii hedduu taasisuu kaasuun, hojii hordoffii fi to’annoo, hojii bakka bu’ummaa ummataa, gahumsaan bahuuf hojii dandeessisu hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Filannicha milkeessuuf dandeettii keenya ijaaruu qaban jechuun, waltajjiin marii waloo seera baastota biyyaalessaa kanaaf murteessaa ta’uu kaasaniiru. Kanaanis manni marichi bu’uura seeraa kaa’uun seeronni bahan heera mootummaan, Seerota Idil-Addunyaanii fi seerota biyyaa duraan turan waliin kan walsimatani ta’uusaanii fi hojiirra oolmaasaanii hordofuuf hojmaanni dandeessisan diriireera jedhaniiru.
Hogganaa Itti Aanaan Dhaabbata Uummatummaa Faannoo Amaaraa Koloneel Faantahuun Muhaabbaan waamicha nageennyaa fudhatan
Jan 13, 2026 67
Amajjii 5/2018 (ENA) – Hogganaa Itti Aanaan Dhaabbata Uummatummaa Faannoo Amaaraa Koloneel Faantahuun Muhaabbaan waliigaltee waamicha Nageenyaa Mootummaan Naannichaa dhiyeesse fudhachuudhaa karaa nagaan galan. Kolooneel Faantahuun Muhaabbaan eegdootaa fi hidhattoota hedduu waliin karaa nagaan galaniiru. AMCn akka gabaasetti Koloneel Fantaahuun Muhabbaan waliigaltee nagaa Mootummaa Naannoo Amaaraa waliin karaa Gamtaa Afrikaa fi IGADn adeemsifame hordofuun qabsaa’ota isaanii hunda waliinii fi meeshaa guutuun waamicha nagaa fudhachuun simatamaniiru. Mootummaa Naannoo Amaaraa fi Dhaabbata Uummatummaa Faannoo Amaaraa gidduutti Sadaasa 25, 2018 waliigalteen nageenyaa mallattaa’uun kan yaadatamuudha.
Ijaarsi Seenessa waloo meeshaa walooma ummataa cimsu abdii boruu kan ijaarudha
Jan 12, 2026 156
Amajjii 4/2018(ENA)- Ijaarsi seenessa waloo cabinsa suphuun walooma hawaasaa kan cimsu abdii booruu ijaaruuf meeshaa murteessaa ta’uu hogganaan waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Oromiyaa Kaffaaloo Tafarraa ibsan. Itiyoophiyaatti konfiraansiin seenessa biyyoolessaa waloo bocuuf Kaayyeffate Magaalaa Jimmaatti gaggeeffamuu eegaleera. Hogganaan Paartii Badhaadhinaa waajjira Damee Naannoo Oromiyaa Kaffaaloo Tafarraa wayita sana akka ibsanitti, Ijaarsi seenessa waloo tokkummaa fi walooma ummataa kan cimsu meeshaa abdii egeree ijaarudha. Seenessi qoqqoodinsaa ijaarsa mootummaaf gufuu ta’uu eeruun, seenessa waloo ijaaruun bu’uura mootummaa cimaa akka jabeessu dubbataniiru. Itiyoophiyaatti Ijaarsi seenessa waloo cabinsa Hawaasummaa, Diinagdee fi Siyaasaa suphuun waloomaa fi fayyadamummaa hunda galeessa lammiileef carraa murteessaa ta’uu ibsaniiru. Kanaanis mootummaa Ida’amuun ijaarsi seenessa waloo Itiyoophiyaa tokkummaa sab-daneessummaa lammiileen badhaate ijaaruuf hojiin milkaa’inaa qabu hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Seenessa waloo fulla’aa imaammataan deeggaruun dhimma murteessaa xiyyeeffannoon itti kenname ta’uu hubachiisaniiru. Seenessa waloo bu’uura cimaarratti hundeessuuf tattaaffii taassifamu keessatti Hayyoonnii fi qaamoleen qooda fudhattootaa shoorasaanii akka bahan dhaamaniiru. Pirezidaantiin Yunvarsiitii Jimmaa Doktar Jamaal Abbaa Fiixaa ijaarse seenessa waloo hammataan ijaarsa mootummaaf faayidaa guddaa qaba jedhaniiru. Fuuldurattis Ijaarsa seenessa waloo hammataa Itiyoophiyaanotaa taasifamu keessatti dhimmoota ijoorratti walii galtee uumuuf tattaaffii taasifamu keessatti shoorasaanii akka bahan ibsaniiru. Konfiraansicharratti Mana Maree Bakka Bu’oota ummataatti Ministirri itti waamamaan Mootummaa doktar Tasfaayee Beeljigee, Ministirri Jallisii fi Naannawaa Gammoojjii Doktar Abiraam Balaayii, Af-yaa’iin Caffee Oromiyaa Sa’aadaa Abdurahimaan, Itti Gaafatamaan Paartii Badhaadhinaa waajjira Damee Naannoo Oromiyaa Kaffaaloo Tafarraa fi hoggantoonni Federaalaa fi naannoolee akkasumas keessummoonni waamichi taassifameef argamaniiru
Ministirri Muummee FDRI doktar Abiyyi Ahimad har’a ganama Jibuutii dhaqani
Jan 11, 2026 287
Amajji 3/2018(ENA)- Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad har'a ganama Jibuutii kan seenan yoo ta'u, Pirezidaantii Ismaa'il Omar Guelleh simannaa taasisaniiruufi. Har'a ganama yeroon Jibuutii gahu Kabajamoo Pirezidaantii Ismaa'eel Omar Guulleehi na simataniiru jedhan doktar Abiyyi Ahimad. Mariin keenya dhimmoota ji’oopoolitikaa, nagaa fi tasgabbii naannoo, akkasumas karaalee tumsa biyyoota lamaanii keenya cimsuu dandeenyu, keessumaa daldala, loojistikii, fi misooma irratti kan xiyyeeffate ture jechuun ibsaniru. Kunis nagaa fi tasgabbii, walitti hidhamiinsa dinagdee fi badhaadhina waliiniif kutannoo waliin qabnu kan calaqqisiisudha jedhani.
Mul’anni kallattii agarsiisa. Ida’amuun cimina gonfachiisa.Kanneen ida’amanii egeree ijaaru
Jan 10, 2026 339
Mul’anni kallattii agarsiisa. Ida’amuun cimina gonfachiisa.Kanneen ida’amanii egeree ijaaru #WMMItiyoophiyaa Buufanni Xiyyaaraa idil addunyaa Bishooftuu seenaa Afriikaa keessatti pirojektii bu’ura misoomaa geejjiba qilleensaa isa guddaa ni ta’a-Ministira muummee doktar Abiyyi Ahimad. Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad ijaarsa buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Bishooftuu eegalchiisan
Gurmaa’insi Gandaa Haaraan jiraattonni Tajaajila Mootummaa dhiheenyatti akka argataniif haala mijataa uumeera
Jan 9, 2026 388
Amajjii1/2018(ENA)-Naannoo Oromiyaatti Gurmaa’insi gandaa hojiirra oole tajaajila mootummaa dhiheenyatti akka argataniif haala mijataa uumuu Godina Baaleetti Jiraattonni Aanaa Harannaa Bulluq ibsan. Bulchaan Godinichaa gamasaaniin gurmaa’insigandoota189tti hundeeffaman jiraattotaaf tajaajila dhiheenyatti kennuurra darbee yeroo fi baasii qusachuun hojiiwwan misoomaarratti akka xiyyeeffatan tasisuu ibsaniiru. Jiraattota Aanaa Harannaa Bulluq Ganda Qumbii keessaa obbo Hasan Ahimad, gurmaa’insichi tajaajila mijataa fi si’ataa dhiheenyatti akka argannu nu taassiseera jedhaniiru. Ammaandura tajaajila mootummaa argachuuf gara Aanaa fi Bulchiinsa magaalaatti deddeebbiin taassifnu yeroo kan fixuu fi dadhabbii kan qabu akka ture ibsuun ‘’Gurmaa’insi Gandaa Haaraan kana salphisuun fayyadamuu nu taassiseera” jedhaniiru. Tajaajilamaa biroon Obbo Ahimad Mahaammad akka jedhanitti gurmaa’insi gandaa hirmaannaa misoomaa hawaasichaa guddisuun rakkoowwan bu’uuraalee misoomaa ammaan dura turan hirmaannaa uummataan akka furamaniif carraa kenneera. Yeroo gabaabaa keessatti hawaasa hirmaachisuun hojiiwwaqn misoomaa hojjetaman keessaa Riqichaa fi Daree Barnootaa dabalataa akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Bulchaan Aanaa Harannaa Bulluq Obbo Ibiraahim Hasan gamasaaniin gurmaa’oinsi haaraan gaaffiiwan misoomaa fi Bulciinsa gaarii Uummata Aanichaa yeroo dhihootti deebisuuf kan deeggaru ta’uu dubbataniiru. Bakkabu’aanBulchaaGodina Baalee ObboBiraanuu Arfaasaa gamasaaniin gandoota189 godinichatti argamanittigurmaa’insi hundeeffamanii gara hojiitti galuusaanii dubbataniiru. Gurmaa’insa gandaa kanatti hoggantonni ramadamaniiHawaasa dhiheenyatti akka tajaajila taassifamuu ibsaniiru. Gurmaa’insi gandaa komiiwwan ammaan dura Godinaa fi aanaatti dhufaa ture hir’isuu itti quufinsa uummataa dabalaa dhufeera. Hoggantoonnii fi ogeessonni hawaasicha haala fooya’een akka tajaajilaniif leenjiin ijaarsa dandeettii fi deeggarsaa fi hordoffiin taassifamaa jiraachuu ibsaniiru. Naannoo Oromiyaatti kenna tajaajilaa fooyyessuu fi rakkoo Bulchiinsa gaarii dhiheenyatti hiikuuf gurmaa’insi haaraan Ganda hojiirra ooluun ni yaadatama. Gurmaa’insi kun hawaasni misoomaan fayyadamaa akka ta’uu fi gaaffiiwwan bulchiinsa gaarii hirmaannaa hawaasaan deebii akkaa argatan taassifamuu ibsaniiru.
Itiyoophiyaa fi Chaayinaan dhimmoota damee hedduu irratti walitti dhufeenya isaanii daran cimsuu danda’an irratti mari’atan
Jan 8, 2026 377
Mudde 30/2018(ENA)- Itiyoophiyaa fi Chaayinaan dhimmoota damee hedduu irratti walitti dhufeenya isaanii daran cimsuu dandeessisu irratti mari’achuu Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad ibsan. Har’a Ministira Dhimma Alaa Chaayinaa Waang Yin simachuun dhimma mootummaa fi hariiroo ummataa Itiyoophiyaa fi Chaayinaa itti fufee jiru irratti mari’anneerra jedhan doktar Abiyyi ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin. Dhimmoota tumsa misoomaa adda addaa hojiirra oolchuuf kutannoo qabnu itti fufsiisuu dandeessisu irratti mari’anneerra jedhan. Hariiroon Chaayinaa fi Itiyoophiyaa waggoota kurnan hedduuf kan ture hariiroo cimaa ta’uu eeruun, hariiroon kun taateewwan irratti hundaa’uun kan hin jijjiramne gara tumsa tarsiimoo dhaabbataatti guddateera jedhaniiru. Gama dinagdeen, daldala, bu’uraalee misoomaan, dhiyeessii anniisaa fi geejjibaa, akkasumas dameewwan elektironiksii(E Commerce), guddachaa jiran, daldala dinagdee dijitaalaa, hubannoo namtolchee fi misooma anniisaa magariisaa irratti tumsa keenya cimsuu irratti mari’anneerra jedhan.

Hawaasummaa
Qulqullina Tajaajila fayyaa mirkaneessuuf damicha Innoveeshiniin deeggaruun cimee itti fufa
Jan 13, 2026 57
Amajjii 5/2018(ENA)-Qulqullina Tajaajila fayyaa mirkaneessuuf damicha Innoveeshiniin deeggaruun cimee akka ittifufu Deetaan Minisira Fayyaa Saahirallaa Abdullaahii ibsan. Yaa’iin Qulqullinaa fi Inooveeshinii Tajaajilla Fayyaa Biyyoolessaa qopheessummaa Biiroo fayyaa Oromiyaan Magaalaa Bishooftuutti gaggeeffamaa jira. Deetaan Ministira Fayyaa Saahirallaa Abdullaahii waltajjicharratti akka dubbatanitti , Qulqullina Tajaajila fayyaa fooyyessuun dhibeewwan daddarboo fi daddarboo hin taane ittisuurratti xiyyeeffannoon kennameera. Qulqullina Tajaajila fayyaa fooyyessuuf Innoveeshinii fi Dijiitaalayizeeshiniirratti bal’inaan hojjechuun dhaqqabamummaa haqa qabeessa mirkaneessuuf hojjetamaa jira jedhaniiru. Hogganaan Biiroo fayyaa Oromiyaa Pirofeesar Natsaannat Warqinaa gamasaanin, naannichatti qulqullina tajaajila fayyaa fooyyessuuf, Dijiitaalaayizeeshiniif , ijaarsa humna namaa fi galtee wal’aansaa guutuurratti bal’inaan hojjetamuu kaasaniiru. Qulqullina tajaajila fayyaa milkeessuuf tattaaffii taassifamu qaamolee qooda fudhattootaa hirmaachisuu fi kalaqawwan haaraa gara hojiitti galchuun itti quufinsa maamilaa dhugoomsuuf hojjetamaa jira jedhaniiru. Haqa qabeessummaa Qulqullina tajaajila fayyaa fi dhaqqabamummaarratti bu’aa argame ittifufsiisuuf hojiiwwan innooveeshinii fayyaa aadeffachuu fi tumsasaa cimsuu akka qaban dubataniiru. Hojiiwwan Innoveeshinii damee fayyaa egzibiishiniiwwan mul’isan, Qorannoo fi qo’annoowwan akkasumas tumsa kan cimsan mariiwwanii fi taateewwan biroon yaa’ichaan raawwatamu jedhaniiru. Yaa’icharratti Hoggantoonni Federaalaa fi Naannoolee, bakka bu’oonni Dhaabbata Fayyaa Addunnyaa fi UNICEF Dhaabbileen Qorannoo, dameelee dhunfaa fi Dhaabbileen Miti-Mootummaa hirmaataniiru.
Ayyaanni bara haaraa Beenchi ‘Biisti Baariin’ sagantaa adda addaan magaalaa Miizan Amaanitti kabajamaa jira.
Jan 13, 2026 43
Amajji 5/2018(ENA) - Ayyaanni bara haaraa Beenchi ‘Biisti Baariin’ sagantaa adda addaan bakka Afyaa’iin Mana Maree Federeeshinii Aaganyoo Tashaagar argamanitti magaalaa Miizan Amaanitti kabajamaa jira. Ayyaanni bara haaraa Beenchi, ‘Biisti Baar’ akka ayyaana ce'umsaatti kan ilaalamu yoo ta’u, kunis yeroo baatiin Gannaa darbee midhaan gahee oyiruu keessaa gara gombisaatti galu kan kabajamu yerootti Uumaa isaanii galateeffatanidha. Ayyaanni kuni waggaa waggaan dhuma baatii Muddee ykn jalqaba baatii Amajjii irratti kan kabajamu yoo ta’u, kunis yeroo midhaan gahe sassaabamee xumuramee gombisaan guutudha. Ayyaanni Biisti Baar yeroo kabajamu, kan haaloo walitti qabate yoo jiraate yerootti waliif dhiisuu qabu dha. Ayyaanni kuni ayyaana dhiifama, araaraa, walii galuu, hariiroon obbolummaa namootaa jaalalaan kan itti haaromsamu akka ta'e himama. Ayyaanni kun sirnoota mimmiidhagoo hedduun kan kabajamu yoo ta’u, gugsii fardaa, agarsiisa meeshaalee aadaa, eebba abbootii aadaa fi taateewwan birootiin dabaalamuun kabajama. Ayyaanni Biisti Baar baranaa magaalaa Miizaan Amaan keessatti kabajamaa kan jiru yoo ta'u, Afyaa'iin Mana Maree Federeeshinii obbo Aaganyoo Tashaagarii fi hoggantoonni Federaalaa fi naannoo biroo, akkasumas gareewwan hawaasaa adda addaa argamaniiru.
Mootummaan Ida’amuu lammiilee Itiyoophiyaa kan tokkoomsu seenessa waloo ijaaruuf xiyyeeffannoo addaatiin hojjechaa jira
Jan 12, 2026 152
Amajji 4/2018(ENA) - Mootummaan Ida’amuu Itiyoophiyaanota kan tokkoomsu seenessa waloo ijaaruuf xiyyeeffannoo addaatiin hojjechaa jiraachuu Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataatti ministirri Bakka Bu'aa Mootummaa doktar Tasfaayee Beeljigee ibsan. Konfiraansiin biyyoolessaa seenessa waloo Itiyoophiyaa bocuuf kaayyeffate magaalaa Jimmaatti gaggeeffamaa jira. Waltajjicharratti, Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataatti ministirri Bakka Bu'aan Mootummaa doktar Tasfaayee Beeljigee barreeffama mata duree "Eenyummaa Biyyaalessaa, Yaadannoo Waloo fi Fudhatamummaa Mootummaa; Muuxannoo Itiyoophiyaa fi Kallattii Yeroo Ammaa kaahame" jedhuun kallattiiwwan ijoo Mootummaan Ida’amuu badhaadhina biyyaalessaa mirkaneessuuf fudhate ibsu dhiyeessan. Barreeffama isaanii ka’umsaa keessatti qaroomina Itiyoophiyaa durii, argama qaroominaa ta’uushee, muuxannoo siyaasaa kan kan qabdu, miseensa Liigii of nashinii kan jalqabaa ta’uu ishee fi hundeessituu Gamtaa Afrikaa akka turte ibsaniiru. Injifannoo Adwaa bara 1888 kan gonfattee fi aadaa miidhagaan kan badhaate ta’uu eeraniiru. Lammiileen Itiyoophiyaa gaafa rakkoo kan waliin dhaabbatan ta’uu eeruun, haa ta’u malee, aadaan siyaasaa duubatti hafee fi seenessi wal dhahaa ijaarsa mootummaa irratti gufuulee ijoo ta’anii akka turan akeekaniiru. Kanaafuu Mootummaan Ida’amuu jijjiirama jiruuf xiyyeeffannoo kennuun rakkoolee kanaan dura turan hundeen furuuf seenessa waloof xiyyeeffannoo guddaa kennee hojjechaa jira jedhan. Waliigaltee fi araara biyyoolessaa, ilaalchi waloo fi gabaa yaadaa, siyaasa yaadaa, waliigaltee dimokiraasii Itiyoophiyaa, birmadummaa diinagdee, badhaadhina biyyaalessaa mirkaneessuuf hojiin bu’a qabeessa ta’e hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Konfiraansii kanarratti Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataatti ministirri Bakka Bu'aan Mootummaa doktar Tasfaayee Beeljgee, Ministirri Jallisii fi Naannawaa Gammoojjii doktar Abrahaam Balaay, Af-yaa'iin Mana Maree Naannoo Oromiyaa, Sa’aadaa Abdurahmaanii fi hoggantoonni federaalaa fi naannoolee biroo, akkasumas keessummoonni affeeraman argamaniiru.
Nagaa fi tasgabbii biyyaa eeguu fi yakka ittisuun hojiin bu'a qabeessi hojjetameera - Poolisii Federaalaa Itiyoophiyaa
Jan 12, 2026 116
Amajji 4/2018(ENA)- Baatiiwwan jahan darban keessatti nageenyaa fi tasgabbii biyyaa eeguu fi akkasumas yakka ittisuuf hojiin hojjetame bu’aa qabeessa dha jedhan ajajaan Poolisii Federaalaa Itiyoophiyaa Komishinar Jeneraal Dammallaash G/Mikaa’el. Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa gamaaggama raawwii hojii karoora ji'oota jahaa bara bajataa 2018 gaggeessaa jira. Komishinar Dammallaash G/Mikaa’el akka jedhanitti poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa qaamolee nageenyaa naannoolee waliin ta’uun nageenyaa fi tasgabbii mirkaneessuuf hojiin hojjete bu’aa qabeessa dha. Yakka ittisuu, qorannoo yakkaa, misooma humna namaa, dandeettii loojistiskii guddisuu fi itti fayyadama teeknooloojii irratti hojiin bu’a qabeessa ta’e hojjetamuu ibsaniiru. Sochii humnoota shororkeessummaa to’achuu fi olaantummaa seeraa kabachiisuu keessattis hojiiwwan milkaa’oo ta’an hojjetamuu eeraniiru. Baatiiwwan jahan darbanitti poolisiin meeshaalee kontirobaandii birrii biiliyoona 14 ol ta’utti tilmaamamu to’annaa jala oolchuu eeruun, daddabarsa namoota seeraan alaa fi qoricha sammuu namaa hadoochu haala qindoomina qabuun ittisuuf tarkaanfiiwwan bu’a qabeessa ta’an fudhatamuu himaniiru. Ayyaanonni biyyaalessaa fi amantii, akkasumas konfiraansiin gurguddoo ardiilee fi idil-addunyaa milkaa’inaan gaggeeffamuu ibsaniiru. Tajaajilli poolisii teeknooloojiin akka guddatu tattaaffii taasifamaa jiru cimsuu eeruun, buufanni poolisii ismaartii Itiyoophiyaa jalqabaa guyyoota muraasa keessatti hojii eegala jedhan. Hojiin yakka ittisuu fi qorannoo poolisii haala mirga namoomaa fi ulfina lammiilee kabaju eeguun hojjetamaa jiraachuu ibsuun, dandeettiin qorannoo fooransiikii guddachaa akka jirus ibsaniiru.
Diinagdee
Godina Gujiitti dhaabbilee oomishtootaa fi tajaajila kennaniif walitti hidhamiinsi gabaa birrii miiliyoona 348 ol ta’u uumameera.
Jan 13, 2026 61
Amajji 5/2018(ENA) - Ji'oota jahan darban keessatti intarpiraayizoota godina Gujii keessa jiraniif walitti hidhamiinsa gabaa birrii miiliyoona 348 ol mijeessuu Waajjirri Carraa Hojii Uumuu fi ogummaa godinichaa beeksise. Waajjirichatti ogeessi carraa hojii uumuu obbo Biraaraa Gammadaa ENAtti akka himanitti, ji’oota jahan darban keessa dhaabbilee qonnaa, indaastirii godoo, ijaarsaa fi tajaajila godinicha keessatti bobba’aniif bakki hojii fi bakki gurgurtaa kennameera. Intarpiraayizoonni kunniin,kan aannanii,foonii,killee akkasumas gaagura kanniisaa,meeshaalee manaa fi biiroo fi kanneen biroollee oomishuun gabaaf dhiyeessuu isaanii ibsaniiru. Bu’aa qabeessummaa Intarpiraayizootaa guddisuuf oomishtootaa fi tajaajila kennitoota 537f walitti hidhaminsi gabaa uumameeraafi jedhani. Intarpiraayizoota walitti hidhaminsi gabaa uumameefii interpiraayiziin Bilisee Qumnagar gaagura ammayyaa hojjetu isa tokko dha. Qindeessaan intarpiraayizichaa obbo Habtaamuu Mannaa, walitti hidhamiinsa gabaatiin oomisha isaanii baay’inaanii fi qulqullina olaanaan dhiyeessuudhaan galii isaanii guddisuu akka danda’an eeraniiru. Walitti hidhamiinsa gabaa mootummaan uume fayyadamuun meeshaalee harkaa ammayyaa baay’inaan oomishaa akka jiran ibsaniiru. Hanga ammaattis Bulchiinsa Magaalaa Adoolaa, Bulchiinsa Aanaa Girjaa fi Aanaa sooraatiif gaagura ammayyaa 240 gatii madaalawaadhaan dhiyeessuun fayyadamoo ta’uu eeraniiru. Dabalataan, gurgurtaa meeshaalee gaagura ammayyaa waajjira damee mootummaaf dhiyeessan irraa birrii kuma 360 ol akka argatan himaniiru. Shamarreen Dastaa Girmaa hiryyoota ishee shan waliin gurmaa’uun hojii xaawulaa baqaqsuu irratti bobbatee fayyadamuu ta’uu ibsiteetti. Kanaan dura hojii dhabuun barnoota yunivarsiitiidhaa eebbifamtee kan turte ta’uu eeruun, wayita ammaa magaalaa Adoolaatti lafa hojiitti hojjetan mootummaan isaaniif mijeessetti gammaduu ibsiteetti. Hojii isaanii guddifachuufis kan tattaafatan ta’uu eerteetti. Walitti hidhaminsi gabaa uumamuuniifii immoo hojii isaanii qulqullinaa fi baay’inaan akka oomishan isaan gargaaruu dubbatteetti.
Naannoo Oromiyaatti bara bajataa baatiiwwan jahan keessatti pirojektoota invastimantii kuma 8 ol hojiitti akka galaniif murteen kennameera
Jan 13, 2026 45
Amajji 5/2018(ENA) – Naannoo Oromiyaatti walakkaa waggaatti pirojektoonni invastimantii kuma 8 ol kaappitaala birrii biiliyoona 262 ol galmeessisan gara hojiitti akka seenaniif murtee kennuu Biiroon Invastimantii fi Industirii Naannoo Oromiyaa beeksise. Murtee Boordiin Invastimantii Naannichaa dhaabbilee damicharratti bobba’uuf iyyata dhiyeessan ilaalchisee itti Gaafatamaan Biiroo Invastimantii fi Industirii Naannichaa Ahmad Idris har’a ibsa laataniiru. Ibsa isaanii keessatti, Zoonii Diinagdee Addaa Gadaa dabalatee magaalonnis invastimantii hawachuuf hojii isaanii cimsuun kan hojjetame yoo ta’u, kenniinsa tajaajila giddugala tajaajila iddoo tokkootti kennuun kenniinsa tajaajila invastimantii fooyyessuun hojjetamaa tureera jedhan. Boordiin Invastimantii Naannichaa walgahii marsaa jalqabaa Onkololeessa keessa gaggeesseen kaappitaala birrii biiliyoona 90 ol pirojektota galmeessaniif pirojektoota kuma 3 fi 163f murtee invastimantii kenneera. Pirojektoonni kunniin gaafa guutummaa guutuutti hojiitti galan lammiilee kuma 200 ol ta’aniif carraa hojii uumuu jedhan . Haaluma wal fakkaatuun Boordichi waltajjii baatii Muddee keessa gaggeesseen, pirojektoota kuma 5 fi 158 kaappitaala birrii biliyoona 172 galmeessaniif eeyyama invastimantii akka argataniif murtee dabarsuu himaniiru. Qaamoleen gara invastimantii akka ce’an eeyyamamaniif invastimantii kallattiin biyya alaa, abbootii qabeenyaa biyya keessaa, qonnaan bultoota qabeenya fooyya’aa horatan, dargaggoota damee IMXn gurmaa’an fi waldaalee hojii gamtaa ta’uu ibsaniiru. Pirojektoonni invastimantii oomisha bakka bu’aa irratti kan xiyyeeffatamu ta’uu eeruun, pirojektoota invastimantiin mirkanaa’eef keessaa 148 damee bunaa irratti kan hirmaatan akka ta’an ibsaniiru.
Magaalaa fi baadiyaatti bu'uuraaleen misoomaa fayyadamummaa waliigalaa lammiilee mirkaneessan bu'aa argamsiisaa jiru - Ministira Caaltuu Saanii
Jan 13, 2026 52
Amajji 5/2018(ENA) - Magaalaa fi baadiyaatti bu'uuraaleen misoomaa fayyadamummaa waliigalaa lammiilee mirkaneessan bu'aa argamsiisaa jiru jedhan Ministirri Misoomaa Magaalaa fi Bu’uura Misoomaa Caaltuu Saanii. Pirojektoonni misooma koridaraa bu’a qabeessa ta’an magaalota 76 keessatti hojjetamaa jiru. Ministirri Misooma Magaalaa fi Bu'uura Misoomaa Caaltuu Saanii gandoota manneen jireenyaa, misooma magaalaa fi baadiyyaa biroo bulchiinsa naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Kibba Lixaatti ijaarame ilaalchisuun ibsa kennaniiru. Ibsa isaaniin waggoota muraasa keessatti hojiin misoomaa nama irratti xiyyeeffate magaalaa fi baadiyyaa keessatti bu’aa misoomaa bal’aa kan magaalota miidhagsee fi fayyadamummaa lammiilee hunda galeessa mirkaneesse galmeessuu isaa ibsaniiru. Akka fakkeenyatti naannoo Amaaraa magaalaa Saqoxaa, naannoo Tigraay magaalaa Maqalee akkasumas magaalaa Harar dabalatee magaalota naannoolee adda addaatti tajaajila lammummaan lammiilee hedduu fayyadamaa taasisuun, manneen jireenyaa ijaaramaniiru jedhan. Sagantaa tola ooltummaa Ganna bara kanaa irratti Godina Oromiyaa Shawaa Kibba Lixaa Tulluu Araraatti Gandi Moodeela qindaa’aa ijaaramee ummataaf banaa taasifamuu ibsaniiru. Misooma koridaraa magaalaa Finfinnee akka milkaa’ina gaariitti eeruun, hojiin misooma koridaraa magaalota 76 keessatti ijaaramaa jirus fayyadamummaa lammiilee hunda galeessa mirkaneessaa jiraachuu himaniiru. Misoomni koridaraa magaalaa, dandeettii carraa hojii uumuu fi sochii dinagdee uuman bira darbee magaalota gidduutti miira dorgommii gaarii ta’e uumuuf akka gargaaru ibsaniiru. Hojiileen bu’uuraalee misoomaa akka biyyaatti magaalaa fi baadiyyaatti hojjetamaa jiran badhaadhina guutuu Itiyoophiyaa kan mirkaneessan ta’uu eeraniiru.
Sirna bittaa mootummaa ammayyeessuuf hojiin hojjetamu cimee itti fufuu qabu-Ministira Ahimad Shidee
Jan 13, 2026 38
Amajjii 5/2018(ENA)-Tajaajila bittaa mootummaa karaa elektirooniksii raawwatamu bu’a qabeessa gochuu fi itti faayyadama qabeenyaa fooyyessuuf hojiilee hojjetamaa jiran caalaatti cimanii itti fufuu qabu jedhan ministirri maallaqaa Ahimad Shidee. Abbaan taayitaa bittaa fi qabeenya mootummaa hojiirra oolmaa sirna bittaa elektirooniksii irratti waajjiraalee federaalaa abbaa bajataa ta’an waliin mari’achaa jira. Ministirri maallaqaa Ahimad Shidee wayita kana akka jedhanitti, bittaa ammayyaa fi elektirooniksii caalaatti cimsuun qabeenyi mootummaa sirnaan hojiirra oolchuuf hojiin hojjetamu caalaa cimee itti fufuu qaba. Bittaan guddaan kan raawwatamu dhaabbilee mootummaatiin waan ta’eef qabeenya biyyaa murtaa’aa ta’e sirnaan hojiirra oolchuun akka barbaachisu hubachiisaniiru. Labsii bittaa bu’a qabeessa gochuuf hojmaata dijitaalaa cimsuun dirqama dhaabbilee hundarraa eegamu ta’uu cimsanii kaasaniiru. Sirna bittaa elektirooniksii gatii gabaatiin dorgomsiisuun raawwatamuu akka qabu kaasanii, abbaan taayitichaa deeggarsaa fi hordoffii cimsuu qaba jedhaniiru. Daarektarri olaanaa abbaa taayitaa bittaa fi qabeenya mootummaa Masarat Masqalee gamasaaniin, sirni bittaa ammayyaa fi haqa qabeessi akka hojiirra oolu hojiileen garagaraa hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Abbaan taayitichaa fooyyessa seeraa, hojmaataa fi gurmaa’insaa gochuun tajaajila si’ataa teeknooloojiin deeggarame kennaa akka jiru ibsaniiru. Bittaan karaa elektirooniksii gaggeeffamu carraa wal qixa uumuuf, baasii mootummaa hir’isuu fi iftoominaa fi itti gaafatama buusuu akka dandeessisu dubbataniiru.
Saayinsii fi teeknooloojii
Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa Lakkoofsa Gabatee konkolaataa Teekinooloojii Ammayyaa qaban hojiirra oolchuufi
Jan 13, 2026 44
Amajjii 5/2018(ENA)- Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa lakkoofsa gabatee konkolaataa amma itti fayyadamaa jiru, Gabatee teekinoolojii ammayyaa qabateen jijjiiruuf ta’uu Ajajaan Poolisii Federaalaa Itiyoophiyaa Komishinar Jeneraaliin Dammallash Gabramikaa’el beeksisan. Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa raawwii karoora baatii 6 bara baajataa 2018 gamaggama gaggeesseera. Ajajaan Poolisii Federaalaa Itiyoophiyaa Komishinar Jeneraaliin Dammallash Gabramikaa’el akka dubbatanitti, lakkoofsa gabatee poolisiin amma itti fayyadamaa jiru akka jirutti jijiiruun lakkoofsa gabatee haaraa fi ammayaa’aa yeroo dhihoottu hojiirra oolchuuf qophii xumuruu dubbataniiru. Kunis dhaabbatichi yakka ittisuu fi hojii qorannoo kara ammayyaa’aan gaggeessuuf hojiiwwan riifoormii gaggeessaa ture keessaa tokko ta’uu dubbataniiru. Gabateen haaraan furtuuwwan teekinooloojii Ammayyaa’aa kan qabu yoo ta’u Poolisii Federalaa Itiyoophiyaa qofa kan bakka bu’u gahumsa ogummaa dhaabbatichaa akkasumas sadarkaa naamusaa qabu kan mul’isu ta’uu ibsaniiru.
Bayyanachuu fi badhaadhina biyyaa dhugoomsuuf Tarsiimoon Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 murteessaadha
Jan 13, 2026 25
Amajji 5/2018(ENA) - Bayyanachuu fi badhaadhina biyyaa dhugoomsuuf Tarsiimoon Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 murteessaa ta’uu hayyoonni damichaa ibsan. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa bara 2030 yeroo ifatti jalqabsiisan ibsa kennaniin, Dijitaalli Itiyoophiyaa odeeffannoo haqa qabeessa, amanamaa fi sirrii ta’e argachuuf akka gargaaru ibsuun isaanii ni yaadatama. Dhimma kana irratti ENAn itti aanaan pirezidaantii dhimma barnootaa Yunivarsiitii Asoosaa fi hayyuun damee kanaa doktar Malkaamuu Dheeressaa waliin turtii taasiseen, xiyyeeffannaan mootummaan misooma dijitaalaaf kenne haala qabatamaa addunyaa yeroo ammaa jiru hubannoo keessa galchuun ta’uu ibsan. Teeknooloojiin dijitaalaa dorgommii addunyaa waan ta’eef damee kanarratti xiyyeeffachuun ciminaan hojjechuu ala filannoon biraa hin jiru jedhan. Haaluma kanaan raawwiin waggoota shanan darbanii fi kallattii gara fuulduraatti fudhatamuun dorgomtummaa Itiyoophiyaa karaa hedduun akka guddisu dubbataniiru. Hojiirra oolmaan Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2025 guddina damichaaf bu’uura gaarii kan kaa’e ta’uu hubachiisuudhaan, tarsiimoon itti aanu bu’aa guddaa kan fidu ta’uu ibsaniiru. Gara fuula duraatti hubannoo namtolchee fi teeknooloojii adda addaa birootti fayyadamuu fi dorgomuun guddinaa fi misooma biyyaatiif hojjechuun hunda keenyarraa eeggama jedhaniiru. Sirna daldalaa dabalatee tajaajiloota biroo dijiitaala gochuun barbaachisaa ta’uu ibsuun, tajaajilawiirtuu tokkoo (Masoob) babal’isuu, eenyummeessaa biyyoolessaa (Faayidaa) lammiilee hundaaf dhaqqabamaa taasisuu fi daldala dijitaalaa cimsuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru. Milkaa’ina Dijitaala Itiyoophiyaa 2030 kan murteessu carraaqqii fi tumsa hunda ta’uu eeruun, keessumaa tajaajila elektirikaa Itiyoophiyaa fi intarneetii babal’isuun dhimmoota ijoo dha jedhan.
Hojiileen Dijitaala Itiyoophiyaa 2025 jalatti hojjetaman biyyattiin gara sadarkaa fooyya’aatti akka ceetuuf bu’uura kaa’eera.
Jan 11, 2026 142
Amajji 3/2018(ENA) - Hojiileen Dijitaala Itiyoophiyaa 2025 jalatti hojjetaman biyyattiin gara sadarkaa fooyya’aatti akka ceetuuf bu’uura kaaheera jedhani hayyoonni damichaa Yunivarsiitii Walqixxee. Tarsiimichi yeroo dhiyootti kan ifoome Dijitaala 2030 hojiirra oolchuuf akka galtee guddatti gargaara jechuun ibsani hayyoonni kunniin. Mootummaan badhaadhina Itiyoophiyaa dhugoomsuu fi ariifachiisuuf hojiin dameelee ammayyeessuu Dijitaala Itiyoophiyaa 2030 eegaluun isaa ni yaadatama. Hayyoonni kunniin ENA waliin turtii taasisaniin akka jedhanitti hojiileen Dijitaala Itiyoophiyaa 2025 jalatti hojjetaman biyyattiin gara sadarkaa fooyya’aatti akka ceetuuf bu’uura kaaheera. Yunivarsiitichatti barsiisaa sooftiweerii injinariingii kan ta’an Balaay Alaamnee akka jedhanitti, teknooloojiin dijitaalaa damee qonnaa, fayyaa, barnootaa fi faayinaansii irratti jijjiirama qabatamaa fi faayidaa olaanaa fideera. Tekinooloojiin kuni haala kenniinsa barnootaa fooyyessuun yeroo fi iddoon osoo nama hin daangessiin oonlaayiniin barachuun danda’ameera jedhani. Teekinooloojiin deeggaramuun, haalli kenniinsa qormaataas kan fooyya’eefi nageenyummaan isaas kan eegame ta’uu ibsaniiru. Yunivarsiitii Walqixxeetti barsiisaa Nageenya Saayibarii Neetworkiingii kan ta’an barsiisaa Wandasan Zinnaa gama isaaniitiin, Dijitaalli Itiyoophiyaa 2025 barattootaaf barnoota qabatamaa nageenya saayibarii irratti kennuu fi beekumsa gahaa kennuuf gumaacha olaanaa taasiseera jedhan. Barnoota qulqullina qabu kennuufis Dijitaalli Itiyoophiyaa 2025 gahee olaanaa bahateera waan ta’eef milkaa’ina Dijitaala Itiyoophiyaa 2030f bu’uura ta’uu akka danda’us ibsaniiru. Akka ibsa barsiisaa kanaatti, tekinooloojiin Dijitaalaa kuni akka biyyaatti maallaqa seera malee sosocho’u to’achuurra darbee hannaa fi gowomsaa hambisuuf ni gargaara. Tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030 kan hunda hammatee fi dhaqqabamaa taasisuuf, dameelee hundaan hojiileenii fi tajaajiloonni kennaman teeknooloojiidhaan akka kennamanii fi ariifachiifaman hojiileen eegalaman cimanii itti fufuu qabu jedhaniiru.
Odeeffannoon saatalaayitoonni Itiyoophiyaa maddisiisan faaydaa hawaasummaa fi diinagdee olaanaa gumaachaniiru.
Jan 8, 2026 202
Mudde 30/2018(ENA)- Odeeffannoon saatalaayitoonni Itiyoophiyaa maddisiisan faaydaa hawaasummaa fi diinagdee olaanaa gumaachaniiru jechuun ibse Inistiitiyuutiin Saayinsii Hawaa fi Ji'oospaashiyaal Itiyoophiyaa. Inistiitiyuutichi bara dhufu saatalaayitii odeeffannoo lafaa kennu sadaffaa gara hawaatti furguggisuuf qophiin taasifamaa jiraachuu beeksiseera. Itiyoophiyaan saatalaayitii jalqabaashee ‘ET-RSS1’ akkasumas lammaffaa immoo ET-SMART-RSS kannee jedhaman saatalaayitoota odeeffannoo gara hawaatti furguggisuun ishee ni yaadatama. Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutii Saayinsii Hawaa fi Ji’oospashiyaal Itiyoophiyaa Abdiisaa Yilmaa ENAtti akka himanitti, saatalaayitoonni odeeffannoo lafaa lama kanaan dura gara hawaatti ergaman yeroo tajaajila isaanii xumuraniiru. Saatalaayitoonni odeeffannoo lafaa kuni faayidaa teeknooloojii, saayinsii, hawaasummaa fi dinagdee hedduu akka gumaachan himaniiru. Kanaanis wabii nyaataa mirkaneessuun, eegumsa naannoon, eegumsa bulchiinsa qabeenya uumamaan, damee qonnaan, karoora magaalaa fi misooma bu’uuraalee misoomaan, akkasumas dantaa biyyaalessaa fi ijaarsa ilaalcha gaarii biyyaaf gumaacha guddaa akka buusan ibsaniiru. Yeroo ammaa kana saatalaayitii qulqullina suuraa fi dandeettii yeroo olaanaa qabdu ET-RSS2 jedhamtu Muddee 2019 gara hawaatti furguggisuuf hojjetamaa akka jiru beeksisaniiru. Saatalaayitiin itti aanu furguggifamtu ET-RSS 2 teeknooloojii ammayyaa kan qabdu yoo ta’u, turtii waggaa shanii hawaa irratti akka qabaattu kan eegamu ta’uu ibsameera. Saatalaayitoota kanaan dura furguggifaman irraa odeeffannoo argaman fudhachuu, xiinxaluu, to’achuu fi dandeettii suphuu uumamuun dada’ameera jedhan. Saatalaayitii sadaffaa furguggisuuf tattaaffiin taasifamaa jirus dandeettii misooma saatalaayitii Itiyoophiyaa kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru.
Ispoortii
Dursaan liigichaa Arsenaal Liivarpuul waliin Qixa bahe
Jan 9, 2026 292
Amajjii 1/2018 (ENA) -Piriimar liigii Ingilizi sagantaa torban 21ffaan Arsenaalii fi Liivarpuul taphatanii galchii malee qixaan adda bahaniiru. Tapha kaleessa galgala Istaadiyeemii Emireetisitti gaggeeffameen tapha walakkaa jalqabaatiin Arsenaal, walakkaa 2ffaatiin Liivarpuul caalmaa fudhachuun tapahataniiru. Arsenaal carraa goolii baay’ee uumus ijnifachuu hin dandeenye. Taphataa sarara duraa miidhaan kan dhabe Liivarpuul taphicharratti dhiibbaa uumeera. Akkaataa qabxii kanaatiin Arsenaal qabxiisaa gara 49tti yoo guddisu garaagarummaan qabxii Maanchistar Siitii waliin qaban qabxii 6n itti fufeera. Liivarpuul qabxii 35niin sadarkaa 4ffaa qabateera. Tapha Liigichaa lamaan Liivarpuul arsenal galchii akka hingalchine gochuu danda’eera. Kilaboonni lameen tapha marsaa lammataa taassisaaniin Liiverpuul 1 fi 0n injifachuunsaa ni yaadatama.
Piriimar Liigii Ingilizitti Taphni Arsenaalii fi Riivarpuul gaggeessan hawwiin eegama
Jan 8, 2026 207
Mudde30/2018(ENA)– Piriimar liigii Ingiliz sagantaa torban 21ffaan Arsenaalii fi Liivarpuul taphi har’a gaggeessan hawwiin ni eeggama. Taphni kilaboota lamaanii galgala sa’aatii 5:00 Istaadiyeemii Eemmiretisitti gaggeeffama. Arsenaal Dorgommii bara Kanaan taphoota20 gaggeesseen yeroo15 yoo injifatu 2n injifatamee 3n qixaan adda baheera. Arsenaaltaphichaan galchii40 yoolakkoofsisu galchii14 keessummeessee, qabxii 48n sadarkaa 1ffaa qabateera. Morkataansaa Liivarpuul liigichatti tapha20gaggeesseen yeroo10 yoo injifatu yeroo6 mo’ameera afuriin qabxii dhabeera. Taphichaan galchii 32 yoo lakkoofsisu galchii 28 keessummeesseera. Injifataan ligichaa Liivarpuul qabxii 34n sadarkaa 4ffaa qabateera. Arsenaalii fi Liivarpuul Dorgommiiwwan hundaan hanga ammaatti yeroo245n walitti dhufaniiru. Liivarpuul yeroo 96 mo’uun dursummaasaa yoo qabatu Arsenaal gamasaan yeroo 83 yoo injifatu yeroo 66 qixaan adda baheera. Piriimar liigichatti yeroo 67 walitti dhufanii liivarpuul yeroo 26 yoo injifatu Arsenaal yeroo 18 injifateera. Taphoota hafan 23n Qixaan adda bahaniiru. Taphasaanii waliinii 5n darbaniin lamaan isaanii haala walfakkaatuun yeroo tokko yoo injifatan taphoota hafan 3n qixaan adda bahaniiru. Gareewwan lamaanSagantaa liigichaa bara Kanaan tapha marsaa jalqabaa gaggeessaniin Liivarpuul 1fi 0n injifachuunsaa ni yaadatama. Arsenaal yoo injifate hordofaasaa Maanchistar Siitii waliin garaagarummaa qabxii qabu gara 8 ol guddisa. Taphicha Antoonii Teeyiler Tapha gareewwan lamaanii Hawwiin eegamu Abbaaseerummaan gaggeessu.
Taphni Manchister Siitii fi Cheelsii har'a taphatan ni eegama.
Jan 4, 2026 341
Mudde 26/2018(ENA): Piriimeer Liigii Ingilizii torbee 20 oolmaa guyyaa 2ffaa taphoonni jaha ni taphatamu. Halkan sa'aatii 2:30tti Manchister Siitiin Cheelsii waliin Istaadiyeemii Itihaaditti taphata. Manchister Siitiin qabxii 41n sadarkaa 3ffaa yoo qabatu, Cheelsiin immoo qabxii 30n sadarkaa 5ffaa qabateera. Kilaboonni lamaan kuni tapha Piriimar Liigiin waliin taphachuun isaanii kuni yeroo 57ffaafi dha. Taphoota kanaan dura taphatan 56n Cheelsiin yeroo 27 yoo injifatu,Manchister Siitiin yeroo 20 mo'atee taphoota 9 immoo qixa bahaniiru. Taphoota Liigii shan taphataniin Manchistar Siitiin yeroo sadii yoo injifatu taphoota lama immoo qabxii qooddataniiru. Leenjisaa Inzoo Maareeskaa irraa kan gargar bahe Cheelsiin taphoota Liigichaa sadii injifachuu hin dandeenye. Manchister Siitiin kan moo'atu yoo ta'e,dursaa Liigichaa Arsenaal waliin garagarummaa qabxii qabu gara afuriitti gadi kan buufatu ta'a. Cheelsiin kan injifatu yoo ta'e immoo gara daandii injifannootti deebi'a. Taphicha gaheessi umurii 40 Maaykil Olivar abbaa murtii olaanaa ta'uun gaggeessu. Taphoota birootiin ammoo Liidsi Yunaayitid guyyaa sa'aatii 9:30tti Maanchistar Yunaayitid waliin yoo taphatu, Fuulhaam ammoo galgala sa'aatii 12tti Liivarpuul waliin ni taphata. Totenihaam Hotisparsi Sanderland waliin, Everton Birentifordi waliin, Niwuukaastil United ammoo Kiristaal Paalaas waliin galgala sa'aatii 12tti taphatu.
Dursaan liigichaa Bunni sidaamaa Hadiyyaa Hosaa’inaa waliin taphata
Jan 4, 2026 231
Mudde26/2018(ENA)–pirimar liigii Itiyoophiyaatti torban 13ffa oolmaasaa guyyaa 2ffaan taphoonni 4 gaggeeffamu . Galgala sa’atii 12:00 Hosaa’inaan Buna Sidaamaa waliin Istaadiyeemii Saayinsii fi Teekinooloojii Yuunvarsiitii Adaamaatti taphasaanii gaggeessu. Hadiyyaa Hosaa’inaa liigichatti taphoota 12 gaggeessee yeroo 4 yoo injifatu haaluma walfakkaatuun yeroo 4 mo’ameera. Taphoota hafan 4n qixaan adda baheera. Garichi qabxii 16n sadarkaa 9ffaa qabateera. Morkataansaa Bunni Sidaamaa gamasaan bara dorgomichaatti taphoota 12 gaggeesse keessaa 7 yoo injifatu ,yeroo tokko qofaa mo’ame . Yeroo 4 qabxii qooddateera. Bunni Sidaamaa qabxii 25n liigicha dursaa jira. Sidaamaan yoo injifate dursummaasaa ni cimsata. Hadiyyaa Hosaa’inaa yoo injifate yeroo 4ffaa injifannoo liigichaa galmeessa. Nagellee Arsii Machaal waliin guyyaa sa’aatii 7:00 Istaadiyeemii Finfinneetti taphatu. Guddaattuu haaraan Nagellee Arsiin Bara dorgomichaatti taphoota 12 gaggeessee 5n yoo injifatu 3n mo’ameera. Taphoota 4n qixa adda baheera. Taphichan qabxii 12 galmeessuun sadarkaa 7ffaa qabateera. Morkataansaa Machaal liigichatti taphoota 12 gaggeesse keessaa 4n yoo injifatu yeroo 2 mo’amera. Taphoota 6 hafaniin qabxii dhabeera. Garichi qabxii 20n sadarakaa 6ffaa qabateera. Nagellee Arsiin injifannoon itti fufuuf, Machaal gara Injifannootti deebi’uuf kan taassisanidha. Magaalaan shaggar Baankii daldala Itiyoophiyaa waliin guyyaa sa’aatii 9:00 Istaadiyeemii Saayinsii Fi Teekinooloojii Yuunvarsiitii Adaamaatti taphatu. Guddattuu Haaraan Magaalaan Shaggar qabxii 12n sadarkaa 17ffaa qabatee sadarkaa gad bu’aa keessatti argama. Baankin daldala Itiyoophiyaa qabxii 15n sadarkaa 11ffaa qabateera. Magaalaan Shaggar taphoota sadiin booda gara injifannootti deebi’uuf Baankii Daldala Itiyoophiyaa waliin injifannoo itti fufaa galmeessuuf taphata. Sagantaa biroon Bunni Itiyoophiyaa Midiregannat Shire waliin guyyaa sa’aatii 10:00 irratti taphatu. Bunni Itiyoophiyaa qabxii 15n sadarkaa 13faa qabateera. Midiregannet Shireen qabxii 14n sadarkaa 14 qabateera. Taphichaan Bunni Itiyoophiyaa inifannoo ittifufaa galmeessuuf , Midiregannat Shireen taphoota ittifufaa 4n booda gara injifannootti deebi’uuf kan taphatanida.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Misooma Sululaa Qindaa’aa fi eegumsa Qabeenya umamaa galmoota Misoomaa fi guddinaa milkeessuuf gargaaraa jira
Jan 13, 2026 32
Amajjii 5/2018(ENA)-Nannoo Oromiyaatti hojiin misooma sululaa qindaa’aa fi eegumsa Qabeenya uumamaa hojjetamaa jiru galmoota misoomaa fi guddinaa milkeessuuf gargaaraa jiraachuu Biiroon Qonna Naannichaa ibse. Naannoo Oromiyaatti bara kana hojii misoomaa suluulaa baatiiwwan lamaan itti aananitti hojjetaman sadarkaa Naannootti Godina Buunnoo Beddelleetti Aanaa Dabboo Haannaatti eegalameera. Sagantaa jalqabiisaararatti kan argaman Hogganaan Biiroo Qonna Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu hojiin misoomaa sululaa bara kanaa suluulawwan kuma 6 fi 300 irratti hojjetama jedhaniiru. Hojii misooma sululaa Qindaa’aa bara darbe hojjetameen uwwisni bosona naannichaa dabaluurratti akka argamu kaasaniiru. Hojiin misooma sululaa milkaa’ina inisheetivoota gama Qonnaan bocamanii hojetamaa jiraniif qooda olaanaa qabaachuusaa dubbataniiru. Walii gala hojiin misooma sululaa Qindaa’aan fi eegumsa qabeenyaa nannichatti hojjetamaa jiran galma misoomaa fi guddinaa milkeessuuf qooda olaanaa qaba jedhaniiru. Bara kana naannicha bakkeewwan hundatti hojiin misooma sululaa Qindaa’aan hirmaannaa hawaasaa cimaan deeggaramee kan hojjetamu ta’uu dubbataniiru. Bulchaan Godina Buunnoo Beddellee Obbo Amaan Danuu gamasaaniin, hojiin eegumsa Bishaanii fi biyyee Godinichatti eegalame suluulawwan 222 irraatti kan raawwatamu ta’uu ibsaniiru. Godinichatti sababa jijjiirama haala Qilleensaa fi Asiidummaa biyyeen omishtummaa hir’atu ittisuuf hojiiwwan misooma sululaan hojjetaman cimanii akka itti fufan dubbataniiru. Lafti Hojiin misooma sululaa yeroo bonaa irratti hojjetamu yeroo gannaa sagantaa Ashaaraa Magariisaan biqiltuuwwan adda addaa dhaabuun haaldureen hojii kan hojjetamu ta’uu kaasaniiru. Kanaafis biqiltuuwwan tajaajila adda addaa kennan miiliyoona 200 ol ta’an Godinichatti hojjetamaa jiraachuu eeraniiru. Hojii misooma sululaan qonnaan bultoonni miidhaa Qabeenya bishaanii fi Biyyeerra gahu ittisuun fayyadamummaasaanii kan mirkaneessuu waan ta’eef hirmaannasaanii bara kanaa kan cimsan ta’uu dubbataniiru.
Naannoo Oromiyaatti Buufataalee Biqiltuu kuma 32 keessatti Biqiltuun qopheeffamaa jira
Jan 12, 2026 92
Amajjii 4/2018(ENA)- Naannoo Oromiyaatti Buufataalee Biqiltuu itti biqilu kuma 32tti Sagantaa Ashaaraa Magariisaan Biqiltuuwwan dhaabbatan qophaa’aa jiraachuu Biiroon Qonna Naannichaa ibse. Biiroo Qonnaa Naannichaatti Daarektarri Misoomaa fi Kunuunsa Bosonaa Obbo Katamaa Abdiisaa ENA’f akka ibsanitti naannichatti sagantaa Ashaara magarisaa fi misooma qabeenya uumamaan raawwatameen omishtummaaf akkasumas eegumsa Naannoof qooda olaanaa gumaachaa jira. Sagantaa Ashaara Magariisaan lafti miidhamanii fi manca’an akka bayyanatan, haroowwan goganii fi lageen akka misooman taassisuu ibsaniiru. Baatiiwwan bonaa qabaman buufatalee biqiltuu kuma 32tti biqiltuuwan Diinagdeef, Soorataaf,Uwwisa bosonaaf fi miidhaginaaf oolan qopheessuun hojjetamaa jirachuu dubbataniiru. Buufataalee Biqiltuuwwan biqilchan cinaatti Qonnaan bultoonni Naannichaas qophii Biqiltuu keesaatti hirmmaachaa jiraachuu dubbataniiru. Naannichatti sagantaa Ashaaraa magariisaa Gannaaf Biqiltuuwwan qophaa’aa jiran keessaa muduraalee, Bosonaaf, Misooma biyyee fi Miidhaginaaf kan oolan dhibbentaa 60 kan haguugan yoo ta’u, kan hafe dhibbentaa 40 uwwisa bosonaaf kan oolan ta’uu ibsaniiru. Ganna darbe biqiltuuwwan dhaabbatan keessaa lakkoofsa marsaa jalqabaa gaggeeffameen dhibbentaa 90 ol qabachuusaa eeraniiru.
Qabeenya uumamaa eeguun dhaloota dhufuuf dabarsuun Itti gaafatamummaa dhaloota ammaati
Jan 12, 2026 69
Amajjii 4/2018(ENA)- Qabeenya Uumamaa eeguun, kunuunsuu fi sirnaan itti fayyadamuun biyya misoomte dhaloota dhufuuf dabarsuun itti gaafatamummaa dhaloota ammaa ta’uu Biiroon Qonnaa Naannoo Oromiyaa beeksise. Biiroon Qonnaa Naannoo Oromiyaa hojii misooma kunuunsa qabeenya uumamaa bara kana gaggeeffamu ilaalchisuun miidiyaaleef hara’a ibsa kenneera. Itti Gaaftamaan Biirichaa Obbo Geetuu Gammachuu wayita sana akka jedhanitti, naannichatti bara kana suluulawwan kuma 6 fi 386 lafa hektara miiliyoona 3 tuqaa 2 hojiin misooma qabeenya uumamaa ni hojjetama jedhaniiru. Mata duree “misoomni, kunuunsii fi eegumsi naannoo, bayyanachuu biyyaaf” jedhuun misoomni sululaa bara kanaa Amajjii 5 bara 2018 eegalee guyyoota itti fufan 60f kan gaggeeffamu ta’uu ibsaniiru. Qabeenya uumamaa eeguun, kunuunsuunii fi sirnaan eeguun biyya misoomte dhaloota dhufuuf dabarsuun itti gaafatamummaa dhaloota ammaa ta’uu ibsaniiru. Milkaa’ina hojii misoomichaaf haal-dureen qophii hojii fi leenjiin ogeessaa gaggeeffamuu ibsaniiru. Naannichatti waggoottan darban hojiiwwan misooma sululaa fi Ashaaraa magariisaa dhaabbii biqiltuun hojjetamaniin hangi bosona naannichaa dabaluu ibsaniiru. Hojiin eegumsaa fi Kunuunsa qabeenya uumamaa bara kanaa Sadarkaa Naannoo Oromiyaatti guyyaa boruu hoggantoonni hojii olaanoo Naannoo fi Hawaasni bakka argamanitti Godina Buunnoo Beddelleetti eegala.
Bulchiinsa Dirree Dhawaatti hojiin misooma bishaan kuufamaa baatii Bonaa eegalame
Jan 11, 2026 118
Amajji 3/2018(ENA) - Bulchiinsa Dirree Dhawaa gandoota baadiyyaa 38 keessatti hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii baatii Bonaa guyyaa har'aa eegalameera. Hojiin misooma kunuunsa bishaan kuufamaa har’a eegalamee fi ji’a tokkoof kan turu kilaastara baadiyyaa afran bulchiinsa kanaa keessatti misooma bishaan kuufamaa heektaara kuma 5 fi 550 kan uwwisu ta’uu beekameera. Kantiibaan Bulchiinsa Dirree Dhawaa obbo Kadir Juhaarii fi Af-yaa'ii itti aantuun Mana Maree Bulchiinsichaa aadde Kaarimaa Alii jalqabsiisa bishaan kuufamaa Ganda Regee Kilaastara Baadiyyaa Asilissoo irratti argamaniiru. Af-yaa’iin Mana Maree Bulchiinsa Dirree Dhawaa obbo Abdii Muktaar, itti aanaa Kantiibaa Bulchiinsaa Harbii Buhi, Bakka Bu’aan Mootummaa Olaanaa Mana Maree Bulchiinsa Dirree Dhawaa sadarkaa itti aanaa Kantiibaatti obbo Ibraahim Yuusuuf fi hoggantoonni olaanoo biroo kilaastaroota biroo irratti argamuun misooma bishaan kuufamaa eegalchiisaniiru. ‘’Misooma qindaa’aa bishaan kuufamaa baatii Bonaa, milkaa’ina ce’umsa qonnaaf’’ mata duree jedhuun hojiin eegalame keessatti hojiiwwan adda addaa qabeenya biyyee fi bishaanii itti fufiinsaan eeguu fi misoomsuun akka raawwataman wayta sanatti ibsameera. Hojii misooma bishaan kuufamaa kan baatii tokkoof turu kana irratti miseensonni hawaasaa kuma 37 fi 900 ol akka hirmaatan beekameera.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 1692
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan. Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru. Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru. Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.
Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifama
Dec 7, 2024 9973
Sadaasa 27/2017(TOI) - Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu Humni Elektiriikii Itoophiyaa beeksise. Har'a galgala kana tasgabbii dhabuu sistamaatiin rakkoo mudateen guutuu biyyattiitti humni elektirikii addaan citeera. Rakkoo kana hiikuufi humnicha deebisuuf buufatalee maddoota humnaafi raabsaatti tattaaffiin olaanaa taasifamaa jira. Rakkoo umame Humni Elektiriikii Itoophiyaa hiikee hanga bakkasaatti deebisutti obsaan akka nu eegdan kabajaan gaafachaa, odeeffannoowwan jiran hatattaamaan kan isiniin biraan geenyu ta'a jechuun Tajaajilli Elektiriikii Itoophiy karaa miidiyaa hawaasummaa isaa beeksiseera.