ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Ijaarsi Manneen Barnootaa bu’uura boruu Hirmaannaa Hawaasaatiin taasifamu cimee itti fufeera
Apr 24, 2026 9
Ebla 16/2018 (ENA): Ijaarsi manneen barnootaa bu’uura boruu Naannoo Oromiyaa godina Shawaa Bahaatti tajaajila tola ooltummaatiin ijaarame itti fufuusaa Waajjirri Barnootaa godinichaa beeksise. Itti gaafatamaan waajjirichaa Girmaa Lammaa ENAtti akka himanitti, Bara bajataa kana keessatti waajjirichi aanaalee manneen barnootaa bu’uura boruu bakka manni barnootaa isaan hin qaqqabne 11 keessatti tajaajila tola ooltummaa hawaasa hirmaachisuun hojjechaa tureera. Bara baajataa ji'oota sagal jalqabaa keessatti manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa duraa "Bu’uura Boruu" 148 hirmaannaa hawaasaatiin ijaaramuu himaniiru. Manneen barnootaa kunneen haala barnoota sirna barnoota sadarkaa tokkoffaa duraa daa’imman godinicha keessa jiraniif kan barbaachisu guutuu danda’uun gurmaa’uu isaaniis mirkaneessaniiru. Keessattuu daa’imman gandoota baadiyyaa jiraniif carraa sadarkaa sadarkaa tokkoffaa duraa irraa fayyadamoo akka ta’aniif qulqullinni barnootaa mirkaneessuuf qophiin mijataa ta’e uumamuu hubachiisaniiru. Kana malees, qulqullina manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa fooyyessuuf daree barnootaa dabalataa 620 ijaaramanii meeshaalee keessootiin kan guutaman ta’uu eeraniiru. Manneen jireenyaa barsiisotaa baadiyyaa kuma 1 fi 500 tajaajila tola ooltummaatiin ijaaramanii tajaajilaaf qophaa’uu isaaniis beeksisaniiru. Bara baajataa ji’oota sagal jalqabaa keessatti hojiin tajaajila tola ooltummaa birrii miiliyoona 307tti tilmaamamu damee barnootaa godincha keessatti hojjetamuu ibsaniiru. Hojiileen hirmaannaa hawaasaatiin gaggeeffaman dhaaqqabummaa barnootaa mirkaneessuu qofa osoo hin taane, qulqullina barnootaas ni fooyyessa jechuun ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Filannoo waliigalaa kana irratti hirmaannaa dubartootaa guddisuuf hojiin hubannoo uumuu hojjetamaa jira
Apr 24, 2026 219
Ebla 16/2018 (ENA): Filannoo waliigalaa torbaffaa irratti hirmaannaa dubartootaa fi kutaalee hawaasaa biroo guddisuuf hojii hubannoo uumuu gaggeessaa akka jiru Dhaabbileen Waldaalee Siivilii Itiyoophiyaa beeksise. Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa filannoo waliigalaa bara kanaa galmee filattootaa kan Guraandhala 28/2018 eegalee galmeessisaa ture, guyyoota dabalataa 14’f dheeressee Ebla 14/2018 galgala xumurameera. Boordichi ibsa kaleessa Ebla 15/2018 baaseen filannoo waliigalaa torbaffaaf dijiitaalaafi qaamaan buufata filannootti filattootni miiliyoona 50 fi kuma 514 ol galmaa’uu beeksiseera. Akka sagantaa boordii kanaatti sagalee kennuun Caamsaa 24/2018 ni kennama; Paartileen morkattootaa 47 kaadhimamtoota 10,934 galmeessisuun filannoo imaammataa isaanii ummataaf dhiheessaa jiru. Qindeessaan Sagantaa Filannoo Gamtaa Dhaabbilee Waldaalee Siivilii Itiyoophiyaa Iyyuu’el Zalaalam ENAtti akka himanitti, Filannoon meeshaa mootummaa biyya tokko keessatti ummata biratti fudhatama qabu hundeessuuf gargaarudha jedhani. Filannoo waliigalaa 7ffaa Itiyoophiyaa haqummaa, dimokiraatawaa fi hunda hammate cimsuuf gamtaan filannoo hirmaannaa ummataa guddisuuf deeggarsa taasisaa akka jirus ibsaniiru. Adeemsi filannoo diimokiraatawaa,fi hirmaachisaa ta’e mirkaneessuuf, hojiin hirmaannaa dubartootaafi kutaalee hawaasaa garaagaraa kakaasuun hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Keessattuu, dubartoonni taajjabdummaan, filachuu fi filatamuurratti akka hirmaatan, hojiin hubannoo uumuu leenjiinii fi miidiyaalee kennaa jiraachuu isaanii kaasaniiru. Filannoo waliigalaa 7ffaa irratti hirmaannaa dubartootaa fi kutaalee hawaasaa biroo mirkaneessuuf,mata duree "Ani nan filadha" jedhuun duulli barnoota filattootaa eegalamuu isaas ibsaniiru. Paartiileen dorgomtoota filannoo waliigalaa 7ffaa, dhimmoota dubartootaan kaasan imaammatasaanii keessatti hammatan sirnaan beeksisuu akka qaban hubachiisaniiru. Kunis dubartoonni paartii siyaasaa isaan fayyada jedhaniif sagalee kennuuf hubannoo isaanii guddisuuf gahee olaanaa akka qabu ibsaniiru. Qaamolee qooda fudhattootaa waliin ta’uun milkaa’ina filannichaa irratti hojjechaa jiraachuu eeranii, fuuldurattis dubartoonni adeemsa filannoo keessatti hirmaannaa cimaa gochuun gahee isaan irraa eegamu akka bahatan waamicha dhiyeessaniiru.
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad hubannoo namtolchee gamtaa Afriikaa fi damee fayyaa dijitaalaatti gaggeessaa ta’uun muudamuunsaanii Itiyoophiyaan tarkaanfii damee Kanaan agarsiifteef debii qabatamaadha
Apr 24, 2026 130
Ebla 16/2018 (ENA)- Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad hubannoo namtolchee gamtaa Afriikaa (AI) fi damee fayyaa dijitaalaatti gaggeessaa (Champion) ta’uun muudamuunsaanii Itiyoophiyaan tarkaanfii damee Kanaan agarsiifteef debii qabatamaadha jedhan mana maree bakka bu’oota ummataatti dura teessuun koree dhaabbataa dhimmoota seeraa fi haqaa adde Itsagannat Mangistuu. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad gamtaa Afriikaatti gaggeessaa hubannoo namtolchee (AI) fi damee fayyaa dijitaalaa ta’uun muudamaniiru. Muudamni kun ministirri muummee hoggansa damee Kanaan agarsiisanii fi Itiyoophiyaan Ardichatti hubannoo namtolchee fi hojiilee kalaqaa babal’isuuf qooda olaanaa bahachaa jirtuuf beekamtii kenname ta’uun ibsameera. Muudamni kun Itiyoophiyaan qajeelfamoota naamusaa teekinooloojii hubannoo namtolchee karaa hordofeen misoomsuun, qo’achuun akkasumas hojiirra oolchuun Afriikaarraa adda duree akka taatu hojiilee hojjetamaniif beekamtii kan kennedha jechuun ibseera inistiitiyuutiin hubannoo namtolchee Itiyoophiyaa. Kun ammoo tumsi ardii kan itti uumamu akkasumas damee kanaaf humna dabalataa akka ta’u inistiitiyuutichi beeksiseera. Mana maree bakka bu’oota ummataatti dura teessuun koree dhaabbataa dhimmoota seeraa fi haqaa Itsagannat Mangistuu ENA’f akka ibsanitti, muudamni ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad guddaa kan nama gammachiisuu fi hojii caalaaf kan nama kakaasudha jedhaniiru. Itiyoophiyaan kan kaleessaa qorattee, haala qabatamaa har’aa hubattee kan boruu ammoo hubannoo namtolcheen (AI) dhaan beekumsarratti hundooftee raaguuf hojiin eegalte beekamtii agarsiisuurratti akka argamu beeksisaniiru. Muudamni Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimadiif kenname bu’aa kaka’umsa mootummaan kalaqaa fi kutannoo teeknooloojiif qabu ta’uu ibsaniiru. Inistitiyuutiin hubannoo nam-tolchee Itiyoophiyaa kan hundeeffame yeroo gabaaba ta’us bu’aan inni galmeesse bu’aa dhamaatii yeroo har’aa badhaasaaf isa ga’e ta’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaan yeroo ammaa damee hubannoo nam-tolcheen biyya Afrikaa keessaa sadarkaa duraa irratti kan argamtu kan ishee taasisu, hojiilee qabatamaa hedduu raawwachaa akka jirtu dubbataniiru. Bu’aaleen teeknooloojii dhaabbatichi maddisiisu hedduun, dhaabbileen akka amala isaaniitti fudhatanii hojii irra oolchuu qabu jedhaniiru. Yeroo ammaa dhaabbiileen hubannoo nam-tolcheen deeggaramanii hojjechuun bu’aa argamsiisaa akka jiran dubbataniiru. Manneen murtii keessatti adeemsa dhimmootaa saffisiisuufi bu’a-qabeessummaa fiduu keessatti hubannoon nam-tolcheen gahee olaanaa taphachaa jiru akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Teekinooloojichi nageenyaafi tas-gabbii biyyaa mirkaneessuuf qooda olaanaa gumaachaa akka jirus itti dabaluun beeksisaniiru. Dura teessuun koree dhaabbataa akka ibsanitti, beekamtii Itiyoophiyaan argatte hojii caaluuf kaka’umsa kan uumu ta’uusaa ibsanii, fuuldurattis hojiilee kalaqaa haaraa dabalaluudhaan imalichi cimee akka itti fufu mirkaneessaniiru. #Ena Afaan Oromoo#ENA
Hojiin misoomaa damee hundaan cimee itti fufa - Bulchaa Ordiin Badirii
Apr 24, 2026 321
Ebla 16/2018 (ENA): Naannoo Hararitti hojiin misoomaa damee hundaan gaggeeffamaa ture cimee itti fufa jedhan bulchaan naannichaa obbo Ordiin Badirii. Mootummaan Naannoo Hararii gamaaggama raawwii hojii ji'oota sagal eegaleera. Bulchaan naannichaa wayita sana akka himanitti, Gamaaggamni kun raawwii karoora damee tokkoon tokkoon isaanii irratti kaa’aman qorachuun kallattii kaa’uudhaan hojiiwwan gara fuula duraatiif qophaa’uu kan kaayyeffate ta’uu ibsani. Hojiirra oolmaa isaa gama karooraa fi hudhaawwan adda baafamanii ji’oota sadan hafan keessatti hojiirra ooluu akka qabu ibsaniiru. Bu’aa ba’ii fi qormaanni hojiiwwan damee hawaasummaa fi diinagdee keessatti hojjetaman, akkasumas faayidaan haqa qabeessa ta’e gamaaggamamuu akka qabus hubachiisaniiru. Guddina diinagdee naannichaaf gumaachi sektaroota turizimii, invastimantii fi kanneen biroo ilaalamuu akka qabus hubachiisaniiru. Hojiin gama oomishaa fi oomishtummaa qonnaa cimsuun hojjetamees ilaalamuu qaba. Akkasumas hojiin gama olaantummaa seeraa mirkaneessuu fi malaammaltummaa fi hojmaata badaa dhabamsiisuun hojjetamaa jiru gadi fageenyaan ilaalamuu qaba jedhan. Hojiin tola ooltummaa ummata irratti xiyyeeffate cimee itti fufuus beeksisaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Siwiidin Hariiroo Itiyoophiyaa waliin qabdu Caalmaatti Cimsuuf fedha akka qabdu beeksiste
Apr 24, 2026 267
Ebla 16/2018(ENA)- Siwiidiin hariiroo gamlamee fi damee hedduurratti Itiyoophiyaa waliin qabdu caalmaatti cimsu akka barbaaddu Ministeerri dhimma Alaa biyyattii beeksise. Ministirri dhimma Alaa Doktar Geediyoon Ximootiwoos Ministira Dhimma Alaa Siwiidin Mariiyaa Malmer Steenergardi waliin Istookolmitti Marii’ataniiru. Mariisanii dhimmoota Gaanfaa Afriikaa fi dhimmoota Idil- Addunyaarratti marii’achuusaanii odeeffannoon Ministeera dhimmaa Alaarraa argame ni mul’isa. Wayita sana hariiroo seenaa qabeessaa yeroo dheeraa akka qaban kan kaasan Ministirri dhimma Alaa kun, hariiroo kana cimsuuf fedha akka qaban ibsaniiru. Hariiroo biyyootaa damee daldalaa fi invastimantiin caalaatti cimsuu akka barbaadan hubachiisaniiru. Kaampaaniiwwan Siwiidin carraa invastimantii Itiyoophiyaatti uumametti akka fayyadaman waamicha dhiheessaniiru. Gitnisaanii Siwiidin gamasaaniin, hariiiroon Itiyoophiyaa fi siwiidin cimaa ta’uu dubbataniiru. Siwiidin hariiroo dhimmoota gamlamee fi damee hedduu irratti Ituyoophiyaa wajjin walta'iinsa isheen qabdu caalmaatti cimsuu akka barbaaddu ibsaniiru.
Siyaasa

Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ergaa pirezidaanti Umar Geeleeh irraa ergame fidanii kan dhufan ministira dhimma alaa fi tumsa idil addunyaa Jibutii Abdulqaadir Huseen Umar waajjirasaaniitti simatan
Apr 23, 2026 1944
Ebla 15/2018(ENA)- Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ergaa pirezidaanti Umar Geeleeh irraa ergame fidanii kan dhufan ministira dhimma alaa fi tumsa idil addunyaa Jibutii Abdulqaadir Huseen Umar waajjirasaaniitti simataniiru. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaaniirratti barreessaniin har’a ganama ergaa pirezidaanti Umar Geeleeh irraa ergame fidanii kan dhufan ministira dhimma alaa fi tumsa idil addunyaa Jibutii Abdulqaadir Huseen Umar waajjirasaaniitti simataniiru. Tumsa biyyoota lamaan jidduu jiru ilaalchisuunis mari’anneerra jechuun ibsaniiru ministirri muummee.
Manni maree ministirootaa dhimmoota garagaraa irratti mari’atee murtoo dabarse
Apr 22, 2026 2898
Ebla 14/2018 (ENA) - Manni maree ministirootaawalgahii idilee 54ffaa taa’een dhimmoota garagaraa irratti mari’atee murtoo dabarseera. 1. Jalqaba kan mari’ate deeggarsaa fi liqii faayinaansii lama irrattidha. Kan jalqabaa karoora dinagdee mandhalee raawwachiisuuf kan oolu ejensii misoomaa Faransaayii irraa walii galteewwan Yuuroo miiliyoona saddetama(80,000,000) irrattidha. Kan lammataa sagantaa fooyyessa dhiheessii maallaqa xiqqaa baadiyyaaf kan oolu baankii invastimantii Awurooppaarraa waliigaltee liqii Yuuroo miiliyoona dhibba kudhanii (110,000,000) dha. Manni maree sagalee guutuudhaan mana maree bakka bu’oota ummataaf akka qajeelfamu murteesseera. 2. Manni marichaa lammata irratti walii galtee warshaa oomishaa fi qiqindeessaa Xaa’oo biyya keenyaa kan ilaallatu onnachiiftuu fi eegumsa invastimantiirratti mari’ateera. Waliigaltee kana ministeerri maallaqaa akka mallatteessuu fi hojii akka eegalu sagalee guutuun deeggarameera. 3. Sadaffaa manni marichaa wixinee labsii nageenya saayibarii bu’uraalee misoomaa ijoorratti mari’ateera. Manni marichaa Wixinee labsii dhimma kanarratti qophaa’e irratti erga mari’atee booda yaada itti kennuun mana maree bakka bu’oota ummataaf akka qajeelfamu sagalee guutuun murteesseera. 4. mootAkkasumas manni maree kun waliigalteewwan gamlamee idil addunyaa 6 irratti mari’ateera. Kan jalqabaa akkuma tartiibasaaniitti waliigalteewwan mootummaa rippaabiliikii sooshaalistii Veetinaam fi federeeshinii Ruusiyaa waliin waliigalteewwan namoota dippilomaatikii ykn paaspoortii tajaajilaa qabaniif viisaa hambisuu fi wiirtuu qo’annoo Baayoloojii hundeessuuti. Walii galteewwan kunneen Hariiroo gam lame Itiyoophiyaan biyyoota lamaan waliin qabdu cimsuu fi sochii dame qo’annoo fi qorannoo saayinsaawaa taasiftu deeggaruuf akka gargaaran mana mareef dhihaataniiru. Kan lammaffaa waliigalteewwan tajaajila qilleensaa afur mootummaa mootii Oswatiinii, mootummaa rippaabiliikii Angoolaa, mootummaa rippaabiliikii ummataa Baangilaadeesh fi mootummaa rippaabiliikii Seraaliyoon waliin taasifaman irratti mari’ateera. Waliigalteewwan kunneen daandiin qilleensaa balalliiwwan gara magaalaa muummee biyyoota kanneeniitti mirga tiraafikaa 3ffaa fi 4ffaan deddeebii imaltootaa fi fe’isaa gochuuf, daandiiwwan qilleensaa bakka buutota shariikummaan bobbaasuuf, mirga tiraafikaa shanaffaatiin bakka gahumsaa filatamanitti balali’uuf, kan gargaaranii fi hariiroo gamlamee Itiyoophiyaa fi biyyoota kana waliin qabdu cimsuuf, daandii qilleensichaaf gabaa dabalataa uumuuf, invastimantii kallattii kalaa onnachiisuuf, carraa hojii uumuuf argannoo sharafa alaa fi tuurizimiif faayidaa guddaa waan qabaniif mana mareef dhihaataniiru. Manni marichaa dhimmoota kanarratti mari’achuun wixineewwan labsii kanneen mana maree bakka bu’oota ummataaf akka qajeelfaman sagalee guutuun murteesseera. 5. Manni marii kun xumurarratti danbuu tajaajila balaawwan ibiddaa fi tasa mudatan hundeessurratti mari’ateera. Manni maree kun dambii dhimma kanarratti qophaa’e irratti erga mari’atee booda yaada itti kennuun guyyaa gaazexaa magalataa federaalaarratti maxxanfamee bahee eegalee hojiirra akka oolu sagalee guutuun murteesseera. Ebla 14 bara 2018 Finfinnee
Kaardii filannoo fudhachuun Mirga Heeraa Mootummaan aragannetti fayyadamuuf qophoofneerra
Apr 21, 2026 3397
Ebla13/2018(ENA)-Jiraattonni Magaalaa Finfinnee yaada isaanii ENA’f kennan, filannoo waliigalaa 7ffaa irratti kaardii filannoo fudhachuun mirga heera mootummaan isaaniif kennameefiitti fayyadamuuf qophii ta'uusaanii ibsan. Akka sagantaa yeroo Boordiin Filannoo Biyyoolessaa Itiyoophiyaa baaseetti, galmee filattootaa kan bara kanaa Gurraandhala 28 bara 2018 irraa jalqabee gaggeeffamaa jira. Boordichi sagantaa jalqaba baase fooyyessuudhaan, ummanni bal’inaan akka galmaa’u carraa kennuuf, guyyoota Ayyaanaa osoo hin dabalatiin galmeen hanga Ebla 14 bara 2018 akka dheeratu taasisuunsaa ni yaadatama. Jiraattonni ENA’f yaadasaanii kennan, mirga heera mootummaan kennameef hojiirra oolchuuf kaardii filannoo fudhatanii guyyaa sagalee kennuu eeggachaa jiru. Adeemsi galmee buufataalee filannoo keessatti taasifamu mijataa fi si’ataa ta'uusaas ibsaniiru. Namoota yaada isaanii kennan keessaa Obbo Geeraa Warquu akka jedhanitti, Kaardii koo fudhadheen jira, ijaarsa biyyaa fi jijjiiramaaf ni fayyada kanan jedhu filachuuf qophaa’een jira jedhaniiru. Obbo Worquu Waldeleezaa gamasaaniin, paartii biyya guddisa, misooma ariifachiisa, fayyadamummaa lammiilee mirkaneessa jedhanii kan amananiif sagalee isaanii kennuuf kaardii fudhachuusaanii ibsaniiru. Obbo Lammaa Badhaadhaas filannoon mootummaa biyyaa cimaa ijaaruuf qooda qabachuu eeranii, adeemsichi ijaarsa dimokraasii keessatti shoora murteessaa waan qabuuf filachuuf qophii ta'uusaanii dubbataniiru. Filannoon fuuldura dhaloota dhufuuf abdii mirkaneessuuf gumaacha guddaa akka qabu eeruun, hojii kanaaf qophii ta'uu kan ibsan immoo Aadde Abbabach Kabbbadaati.
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad komishinara tumsa idil addunyaa gamtaa Awurooppaa Jooseef Siikalan waliin mari’atan
Apr 21, 2026 2321
Ebla 13/2018(ENA)- Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad komishinara tumsa idil addunyaa gamtaa Awurooppaa Jooseef Siikalan waliin mari’ataniiru. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaaniin dabarsaniin, har’a ganama komishinara tumsa idil addunyaa gamtaa Awurooppaa Jooseef Siikalan argadhee tumsa yeroo dheeraa gamtaa Awurooppaa waliin qabnu ilaalchisuun mari’anneerra jedhaniiru.
Naannoo Oromiyaatti kenna tajaajilaa foyyeesuuf hojii hojjetameen bu’aan qabatamaan argamaa jira
Apr 17, 2026 7520
Eebila 09/2018 (ENA): Naanoo Oromiyaatti kenninsa tajaajilaa fooyyessuuf hojii hojjetameen bu’aa qabatamaan argamaa jiraachuu Itti Aanaan Pirezidaantii Naannichaa Obbo Awwaluu Abdii ibsan. Itti Aanaan Pirezidaantichaa raawwii karoora ji’oota saglanii ilaalchisuun ibsa kennaniiru. Ibsa kennaniin bara baajitichaa baatiiwwan saglan darbanitti dameelee hedduun hojiileen misoomaa bu’aa qabeessa ta’an raawwatamuusaanii ibsaniiru. Keessattuu, tajaajila kenniinsaa fooyyessuuf hojiileen hojjataman rakkoolee bulchiinsa gaarii hir’isuun bu’aa qabatamaa argamsiisaa akka jiru ibsaniiru. Rakkoolee bulchiinsa gaarii furuuf magaaloota shan keessatti sadarkaa qorannootti kan jalqabame kenniinsi tajaajila giddugala tokkoo (Masoob) milkaa’ina argamsiisuu isaa hordofee, muuxannoo kana babal’isuuf hojiin hojjatamaa akka jiru ibsaniiru. Akka Itti Aanaan Pirezidaantichaa ibsanitti, sadarkaa lammaffaatti kenniinsa tajaajila giddugala tokkoo kana magaaloota 26tti babal’isuun kan danda’ame yoo ta’u, isaan keessaa muraasni tajaajila kennuu jalqabaniiru. Sadarkaa sadaffaattis Magaaloota 60 keessatti jalqabuuf sochiin eegalamuu eeraniiru. Obbo Awwaluun, lammiileen kenniinsa tajaajila giddugala tokkoo 'Masob' argatan dhibbantaa 97 ol itti quufinsa qabaachuusaanii ibsanii, hojiin fakkeenya ta’u kun babal’atee ummanni tajaajila barbaadu akka argatuuf kutannoon hojjatamaa akka jiru ibsaniiru. Hojiin kun milkaa’ina akka argatuuf teeknoolojii, humna namaa, iddoo hojii fi haala hojiif mijaatu uumuun hojiileen bal’aan raawwatamaa jiru jedhaniiru. Hoggansi gara ummataatti dhihaatee akka tajaajiluuf, guyyoota tajaajilaa adda baasuu qofa osoo hin taane, aanaalee fi gandaatti riifoormii gaggeeffameen hawaasni tajaajila barbaadu akka dhiheenyaatti argatuuf mijeessuun danda’ameera. Tajaajila kenniinsa saffisaafi bu’a qabeessa taasisuuf, hojjettoota rakkoo bulchiinsa gaarii uuman irratti tarkaanfiileen sirreeffamaa gara garaa fudhatamuu isaa himaniiru. Gama biraatiin, Naannichatti Ji’oota Saglanii darban keessatti qarshii biliyoona 237 ol galiin walitti qabamuu ibsuun, fuuldurattis galii naannichaa guddisuuf kaffaltoota gibiraaf hubannoo uumuu fi maddoota galii qorachuun cimee itti fufa jedhaniiru. Haaluma wal-fakkaatuun, naannichatti bara baajataa kana keessatti piroojektoota misoomaa garagaraa kuma 28 fi 800 ol ijaaramaa akka jiran kan ibsan yoo ta’u, piroojektoota kana keessaa kuma 21 ol kan ta’an yeroo dhiyootti tajaajila ummataaf banaa akka ta’an ibsaniiru.

Hawaasummaa
Ijaarsi Manneen Barnootaa bu’uura boruu Hirmaannaa Hawaasaatiin taasifamu cimee itti fufeera
Apr 24, 2026 9
Ebla 16/2018 (ENA): Ijaarsi manneen barnootaa bu’uura boruu Naannoo Oromiyaa godina Shawaa Bahaatti tajaajila tola ooltummaatiin ijaarame itti fufuusaa Waajjirri Barnootaa godinichaa beeksise. Itti gaafatamaan waajjirichaa Girmaa Lammaa ENAtti akka himanitti, Bara bajataa kana keessatti waajjirichi aanaalee manneen barnootaa bu’uura boruu bakka manni barnootaa isaan hin qaqqabne 11 keessatti tajaajila tola ooltummaa hawaasa hirmaachisuun hojjechaa tureera. Bara baajataa ji'oota sagal jalqabaa keessatti manneen barnootaa sadarkaa 1ffaa duraa "Bu’uura Boruu" 148 hirmaannaa hawaasaatiin ijaaramuu himaniiru. Manneen barnootaa kunneen haala barnoota sirna barnoota sadarkaa tokkoffaa duraa daa’imman godinicha keessa jiraniif kan barbaachisu guutuu danda’uun gurmaa’uu isaaniis mirkaneessaniiru. Keessattuu daa’imman gandoota baadiyyaa jiraniif carraa sadarkaa sadarkaa tokkoffaa duraa irraa fayyadamoo akka ta’aniif qulqullinni barnootaa mirkaneessuuf qophiin mijataa ta’e uumamuu hubachiisaniiru. Kana malees, qulqullina manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa fooyyessuuf daree barnootaa dabalataa 620 ijaaramanii meeshaalee keessootiin kan guutaman ta’uu eeraniiru. Manneen jireenyaa barsiisotaa baadiyyaa kuma 1 fi 500 tajaajila tola ooltummaatiin ijaaramanii tajaajilaaf qophaa’uu isaaniis beeksisaniiru. Bara baajataa ji’oota sagal jalqabaa keessatti hojiin tajaajila tola ooltummaa birrii miiliyoona 307tti tilmaamamu damee barnootaa godincha keessatti hojjetamuu ibsaniiru. Hojiileen hirmaannaa hawaasaatiin gaggeeffaman dhaaqqabummaa barnootaa mirkaneessuu qofa osoo hin taane, qulqullina barnootaas ni fooyyessa jechuun ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Dorgommiin bareedina ‘Mis Worlid Itiyoophiyaa ’ 24ffaa gaggeeffame
Apr 23, 2026 1420
Ebla 15/2018 (ENA): Dorgommiin bareedina Mis Worlid Itiyoophiyaa 24ffaa magaalaa Finfinneetti gaggeeffame. De’eetaan Ministira Aadaa fi Ispoortii gargaaraan piroofeesaraa Nabiyyuu Baayyee , gama namoomaa fi teessuma lafaatiin, bareedinni qabeenya Itiyoophiyaa ta’uu ibsaniiru. Sagantaan kun duudhaa, aadaa fi duudhaalee biyyaa Itiyoophiyaa ijoollee ishee biratti akka mul’ataniifi addunyaatti akka mul’ataniif carraa kan kennu ta’uus himaniiru. Dorgommiin miidhaginaa waggoota 24 darbaniif Miis Woorlid Itiyoophiyaan qophaa’e kun fakkii Itiyoophiyaa addunyaa maraa akka beeksise ibsaniiru. Gumaacha modeelli Hasset Darajjee bara darbe Itiyoophiyaa beeksifte yaadachiisuun,Dorgomtoonni Itiyoophiyaa beeksisuuf itti gaafatamummaa akka qabanis hubachiisaniiru. Dorgommii bareedina Mis Worlid Itiyoophiyaa 24ffaa irratti shamarran 50 kutaalee biyyattii adda addaa irraa kan hirmaatan yoo ta’u, dorgomtoonni ga’umsa gaarii agarsiisan 25 filatamaniiru. Shamarree Ruut Yirgaalem Itiyoophiyaa bakka bu’uun filatamuun gonfoo Mis Worlid Itiyoophiyaa 2026 gaggeeffamu akka dorgaomtuuf filatamteetti. Dorgommii bareedina Mis Worlid itti aanu irratti bakka bu’uun akka hirmaattu odeeffannoon ministeericharraa argame ni mul’isa. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA Facebook Facebook Facebook Facebook Facebook Facebook Facebook Facebook Facebook Facebook Facebook Facebook Facebook Facebook Facebook Facebook Facebook Facebook Facebook Facebook Facebook Facebook Facebook Facebook Facebook Facebook Facebook Facebook Facebook Facebook Facebook Facebook Facebook Facebook Facebook Facebook Facebook Facebook Facebook Facebook Facebook Facebook Facebook Facebook Etv Afaan Oromoo · Follow tndopSoesr8h6ha7t6lg6a9i520f667a091tgh182iu7901u1775035t3gh1 ·
Aadaa keenya eeguu fi kunuunsuun guddina biyyaatiif oolchuu qabna - Dr. Utukaanaa Odaa
Apr 23, 2026 955
Ebla 15/2018(ENA): Aadaa keenya eeguu fi kunuunsuun guddina biyyaatiif oolchuu fi itti fayyadamuu qabna jedhan Itti-aanaan Hoogganaa Waajjira Pirezidaantii Naannoo Oromiyaa Dr. Utukaanaa Odaa. Konfiraansiin Qorannoo Oromoo Idil-addunyaa 6ffaan Yuunivarsiitii Jimmaatti gaggeeffamaa jira. Sagantaa kana irratti argamuun ergaa kan dabarsan Doktar Utukaanaan, aadaa eeguun, teeknoolojiin deeggaranii sadarkaa idil-addunyaatti beeksisuu barbaachisa jedhaniiru. Pirezidaantiin Yuunivarsiitii Jimmaa Doktar Jamaal Abbaafiixaa gama isaaniin aadaan nageenyaa fi tokkummaa biyyaatiif shoora olaanaa akka qabu eeranii, yuunivarsiitichi waggoota 10'n darbaniif kana irratti hojjechaa turuu ibsaniiru. Yuunivarsiitichi waggoota dura yuunivarsiitota 12 waliin ta'uun qorannoo aadaa Oromoo irratti hojii jalqabuu isaa kan yaadachiisan Doktar Jamaal, kanaanis jijjiiramoonni hedduun dhufuu dubbataniiru. Qorannoowwan yeroo gara yerootti gaggeeffaman gara uummataatti buusuun, jireenya lammiilee kan jijjiiru ta'uu qabus jedhan. Fuuladurattis dhaabbilee barnoota ol'aanoo hunda waliin qindoomuun hojiiwwan biyya fayyadan hojjechuu cimsanii akka itti fufan dubbataniiru. Konfaransii kana irratti hayyoonnii fi qorattoonni dhaabbilee barnootaa adda addaa irraa kan affeeraman yoo ta'uu waraqaa qorannoos dhiyeessaniiru. Dabalataan Sagantaa kana irratti Abbootiin Gadaa, haadhooliin Siinqee fi keessummoonni affeeraman hirmaachaa jiru. Konfiraansii kana waliinis hundeeffamni Instiitiyuutii Qorannoo Oromoo waggaa 10ffaa fi Gadaa Joornaal waggaa 8ffaa ni kabajama. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad daarektara olaanaa toa’annoo fi ittisa dhukkubaa Afriikaa (Africa CDC) Dr. Zhaan Kaseeyaa waliin mari’atan
Apr 23, 2026 828
Ebla 15/2018(ENA)- Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad daarektara olaanaa toa’annoo fi ittisa dhukkubaa Afriikaa (Africa CDC) Dr. Zhaan Kaseeyaa waliin mari’ataniiru. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ergaa fuula miidiyaa hawaasaa isaaniirratti barreessaniin har’a ganama daarektara olaanaa toa’annoo fi ittisa dhukkubaa Afriikaa (Africa CDC) Dr. Zhaan Kaseeyaa waliin marii bu’a qabeessa gaggeessineerra jedhaniiru. Marii gooneen dhimmoota garagaraa dursi kennamuuf irratti kan mar’anne yoo ta’u, keessumaa hubannoo namtolchee(AI) gamtaa Afriikaa fi dursaa damee fayyaa dijitaalaa(Champion) ta’uun itti gaafatama haaraa naaf kenname ilaalchisuun bal’inaan dubbanneerra jechuun ibsaniiru. Hojiileen kalaqaa guddina Afriikaaf yoomiyyuu taanaan bu’ura murteessaadha kan jedhan ministirri muummee, gufuuffan jijjiiramoo dame fayyaarratti numudatu irra aanuuf teeknooloojiiwwan hubannoo namtolchee fi dijitaalaa fayyadamuun sirna fayyaa keenya cimsuuf, qaqqabummaa bal’isuu fi ummata keenyaaf bu’aa fooyyee qabu galmeessisuuf murteessaadha jedhaniiru. Itiyoophiyaan muuxannoo qabdu ardichaaf qooduuf akkasumas teeknooloojii addunyaa saffisaan jijjiiramu waliin bu’a qabeessummaan tarkaanfachuuf tumsa cimaa hundeessuuf kutannoo qabdu irra deebi’uun ni mirkaneessitijechuun ibsaniiru. Mul’ata kana gara qabatamaa fi bu’aa hammataatti jijjiiruuf Afriikaa siidiisii (Africa CDC) fi tumsitoota Ardichaa waliin hojjechuuf ani qophiidha jedhan ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ergaasaaniin.
Diinagdee
Naannoo Oromiyaatti qamadii jallisii boneen misoomerraa callaan kuntaala miiliyoona 72 walitti qabameera
Apr 23, 2026 743
Ebla 15/2018 (ENA) - Naannoo Oromiyaatti qamadii jallisii boneen misoomerraa hanga ammaatti callaan kuntaala miiliyoona 72 akka argame biiroon qonnaa naannichaa ibse. Biirichatti daayirektarri misooma midhaanii obbo Musxafaa Huseen ENA waliin turtii taasisaniin akka ibsanitti, bara kana naannoo Oromiyaatti oomishaa fi oomishtummaa dabaluun wabii midhaan nyaataa mirkaneessuurra darbee alergee guddisuuf hojiin Inisheetiivii misooma jallisii qonnaa xiyyeeffannoon hojjetamaa jira. Naannichatti godinaalee hundaatti qamadiin bal’inaan misoomaa jiraachuu kan himan obbo Musxafaan, yeroo ammaa qamadiin misoome walitti qabamuu eegaluusaa himaniiru. Bara kanan qamadii jallisii boneen lafa hektaara miiliyoona 2 tuqa 1 irratti kaaan misoome yoo ta’u, hanga ammaatti callaan kuntaala miiliyoona 72 ol walitti qabamuusaa ibsaniiru. Kan hafes xumuruuf tumsi taasifamaa akka jiru kan himan obbo Musxafaan, deeggarsi barbaachisu taasifaamaa jira jedhaniiru.
Ji’oota saglan darban Paarkiiwwan Industirii Qonna Qindaa’aa irraa galiin birrii miliyoona 100 fi miliyoona 56 argameera
Apr 23, 2026 836
Eebla 15/2018(ENA) - Ji’oota saglan darbanitti Paarkiiwwan Industirii Qonna Qindaa’aa irraa galiin birrii miliyoona 100 fi miliyoona 56 argamuusaa korporeeshiniiin Misooma Paarkiiwwan Industirii Oromiyaa beeksise. Ce’umsa gara industiriitti taasifamu mirkaneessuu, oomishaalee bakka bu’an oomishuu, al-ergii guddisuu fi carraa hojii bal’inaan uumuu kaayyeeffatee kan hundaa’e Paarkiiwwan Industirii Qonna Qindaa’aa Oromiyaa bu’aa argamsiisaa jiraachuunis himameera. Korporeeshinichatti itti aanaan Hojii Raawwachiisaa Damee Misooma Paarkiiwwanii Obbo Salamoon Tufaa turtii ENA waalin taasiisaniin, gama Kanaan hojiiwwan gurgguddaan hojjetamaa jiraachuu himan. Keessumaa bal’inaan kan hojiitti gale Paarkiin Industirii Qonna Qindaa’aa Bulbulaa fi kan Naqamtee dabalatee Giddu Gala Ce’umsa Baadiyyaa 6’n sochiin taasifamaa jiraachuu dubbatan. Kunneenis oomisha alaa galan kan bakka bu’an akka omishaaniif abbootii qabeenyaaf deggarsaa barbachisaa gochuu fi bu’uraalee misoomaa guutuudhan hojjetamaa jira jedhan. Akka Paarkii Industirii Qonna Qindaa’aa Bulbulaatti Zayitiin liitirri miiliyona 3 fi miiliyoona 443 fi 477 abbootii qabeenyatiin oomishamee gabaa biyya keessatti raabsamuun qarshiin biliyoona 1 tuqaa 3 ta’u argamuu akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Giddu-gala ce’umsaa baadiyyaawwan jiraanii fi kilaastara industirii manufaakchariing kanneenittis abbootiin qabeenyaa gara hojiitti akka galaniif karaa adda addaan hojiin beeksisuu hojjetamaa turuu himaniiru. Waali galaan bara kana abbootii qabeenyaa 20 simachuuf karoorfamee karooraa ol abbootii qabeenyaa 35 simachuun akka danda’ame himaniiru. Kanarraas galii birrii miliyoona 100 fi miliyoona 92 galchuuf karoorfamee isa keessaa ji’oota saglan darbanitti damee kana irraa birrii miliyoona 100 fi miliyoona 56 walitti qabamuu Obbo Salamoon himaniiru. Haaluma walfakkaatuun namoota kuma 2’f carraa hojii banuuf karoorfamee karooraa ol namoota kuma 3 fi 250’f carraan hojii Paarkiiwwan Industirii Qonna Qindaa’aa kanneenirratti banameera jedhan.
Itiyoophiyaan yeroo kamiyyuu caalaa sirna daldalaa biyyoota hedduudhaaf qophii taatee jirti
Apr 22, 2026 755
Ebla 14/2018 (ENA): Itiyoophiyaan sirna daldalaa biyyoota hedduudhaaf yeroo kamiyyuu caalaa qophii ta’uu isheetiin alatti, abbootii qabeenyaa biyya keessaa fi alaatif riifoormii dinagdee Gooroo hunda galeessa ta’een daldalaa fi invastimantiidhaaf mijataa ta’uu Ministirri Daldalaa fi walitti hidhaminsa Naannawaa Dr. Kaasahuun Gofee himaniiru. Walgahiin Garee Hojii 7ffaa Miseensummaa Itiyoophiyaa Waldaa daldala addunyaa irratti Gaggeeffamu Siwiizarlaand Jeeneevaatti ifatti eegalameera. Ministirichi haasaa baniinsaa taasisaniin, Dura taa’aa, Sekreetariyaatii fi miseensonni Walgahii Garee Hojii imala miseensummaa Itiyoophiyaa saffisiisuuf deeggarsa itti fufiinsa qabuu fi hirmaannaa cimaa taasisaniif galateeffataniiru. Itiyoophiyaan Walgahii Garee Hojii 6ffaa Fulbaana darbe gaggeeffame irraa eegalee marii biyyoota hedduu fi biyyoota lamaanii irratti guddina olaanaa galmeessitee jirti jedhan. Hojii gaaffilee biyyoota miseensa 226’f deebii gadi fageenya qabu kennuu, wixinee gabaasa garee hojii qopheessuu fi keewwata dirqamaa 32 xumuruus ibsaniiru. Miseensota 9 waliin marii qaqqabummaa gabaa biyyoota lamaanii xumuruu ibsaniiru. Itiyoophiyaan dhimmoota barbaachisoo hafan miseensonni kaasan qabiyyee dagaagee fi bifa ijaarsa qabuun furuuf kutannoo akka qabdus ibsaniiru. Itiyoophiyaan haaromsa dinagdee Gooroo hunda galeessa ta’een abbootii qabeenyaa biyya keessaa fi alaatiif daldalaa fi invastimantiidhaaf mijataa ta’uu bira darbee sirna daldala idil-addunyaa biyyoota hedduudhaaf yeroo kamiyyuu caalaa qophii ta’uu ishee mirkaneessaniiru. Walgahiin garee hojii 7ffaan har'aa fi boruu guyyaa guutuu kan gaggeeffamu ta'uu ENA’n bakkichaa argate ni mul'isa. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Naannoo Oromiyaatti qonnaa gannaan lafti hektaarri miiliyoon 11 ol misoomsuuf qophiin taasifamaa jira
Apr 22, 2026 377
Eebla 14/2018(ENA) – Naannoo Oromiyaatti qonnaa gannaan lafa hektaara miiliyoon 11 ol misoomsuuf qophiin taasifamaa akka jiru Biiroon Qonnaa naannichaa beeksise. Biiroo Qonnaa Oromiyaatti Daarektarri Misooma Midhaanii obbo Musxafaa Huseen ENAtti akka himanitti, qophii qonna gannaa bara kanaaf sochii bal’aan taasifamaa jira. Akka naannoo Oromiyaatti oomisha qonnarraa argamu keessaa dhibbantaa 80 ol kan ta’uu waqtii gannaa kan oomishamu ta’uu eeranii, hojii kanaaf qophii gahaa fi galteewwan barbaachisu guutuuf xiyyeeffannoon hojjetama jirachuu obboo Musxafaan himaniiru. Naannichatti bara kana lafa heekataara miliyoona 11 ol misoomsuun kuntaala miliyoona 380 ol walitti qabuuf karoorfamee hojjetama jira jedhan. Kana keessaas lafti heektaarri kuma 250 badiyyaa bulchiinsa magaalaan hoogganaman keessaatti kan misoomu ta’uu himaniiru. Lafa qonna gannaaf karoorfame keessaa hanga ammaatti lafti heektara miliyoonni 2 tuqaa 1 qotamee qophaa’uu eeraniiru. Kana keessaas bara kan lafa qotamu keessaa dhibbeentaan 50 tiraaktaraan qotamaa jira jedhaniiru. Dabalataan qonnaan bultoonnis bakkeewwan Tiraaktaraan qotuun hin danda’amnetti Jigii fi Daboon wal gargaaranii haalaan akka qopheeffataniif deeggarsii fi hordoffiin taasisamaafii jirachuu himaniiru. Naannichatti bara kana qonna waliigalaaf xaa’oon kumtaala miliyoona 14 tuqaa 3 dhiheesuuf kan karoorfame yoo ta’uu, hanga ammaatti xaa’oon kuntaala miliyoona 7 tuqaa 8 dhihaachuu himaniiru. Akkasumas shanyiin midhaanii filatamaa fi fooyya’aa kuntaala miliyona 2 tuqaa 1 qonnaan bulaaf ni dhiyaata jechuun dubbataniiru. Karoora kana galmaan gahuuf hoggansi sadarkaan jiruu fi qonnaan bultoonni qindoominaan kan hojjetan yoo ta’u, deeggarsii hordoffiin barbaachisu taasifamaa jira jedhan obbo Musxafaan.
Saayinsii fi teeknooloojii
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad hubannoo namtolchee gamtaa Afriikaa fi damee fayyaa dijitaalaatti gaggeessaa ta’uun muudamuunsaanii Itiyoophiyaan tarkaanfii damee Kanaan agarsiifteef debii qabatamaadha
Apr 24, 2026 130
Ebla 16/2018 (ENA)- Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad hubannoo namtolchee gamtaa Afriikaa (AI) fi damee fayyaa dijitaalaatti gaggeessaa (Champion) ta’uun muudamuunsaanii Itiyoophiyaan tarkaanfii damee Kanaan agarsiifteef debii qabatamaadha jedhan mana maree bakka bu’oota ummataatti dura teessuun koree dhaabbataa dhimmoota seeraa fi haqaa adde Itsagannat Mangistuu. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad gamtaa Afriikaatti gaggeessaa hubannoo namtolchee (AI) fi damee fayyaa dijitaalaa ta’uun muudamaniiru. Muudamni kun ministirri muummee hoggansa damee Kanaan agarsiisanii fi Itiyoophiyaan Ardichatti hubannoo namtolchee fi hojiilee kalaqaa babal’isuuf qooda olaanaa bahachaa jirtuuf beekamtii kenname ta’uun ibsameera. Muudamni kun Itiyoophiyaan qajeelfamoota naamusaa teekinooloojii hubannoo namtolchee karaa hordofeen misoomsuun, qo’achuun akkasumas hojiirra oolchuun Afriikaarraa adda duree akka taatu hojiilee hojjetamaniif beekamtii kan kennedha jechuun ibseera inistiitiyuutiin hubannoo namtolchee Itiyoophiyaa. Kun ammoo tumsi ardii kan itti uumamu akkasumas damee kanaaf humna dabalataa akka ta’u inistiitiyuutichi beeksiseera. Mana maree bakka bu’oota ummataatti dura teessuun koree dhaabbataa dhimmoota seeraa fi haqaa Itsagannat Mangistuu ENA’f akka ibsanitti, muudamni ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad guddaa kan nama gammachiisuu fi hojii caalaaf kan nama kakaasudha jedhaniiru. Itiyoophiyaan kan kaleessaa qorattee, haala qabatamaa har’aa hubattee kan boruu ammoo hubannoo namtolcheen (AI) dhaan beekumsarratti hundooftee raaguuf hojiin eegalte beekamtii agarsiisuurratti akka argamu beeksisaniiru. Muudamni Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimadiif kenname bu’aa kaka’umsa mootummaan kalaqaa fi kutannoo teeknooloojiif qabu ta’uu ibsaniiru. Inistitiyuutiin hubannoo nam-tolchee Itiyoophiyaa kan hundeeffame yeroo gabaaba ta’us bu’aan inni galmeesse bu’aa dhamaatii yeroo har’aa badhaasaaf isa ga’e ta’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaan yeroo ammaa damee hubannoo nam-tolcheen biyya Afrikaa keessaa sadarkaa duraa irratti kan argamtu kan ishee taasisu, hojiilee qabatamaa hedduu raawwachaa akka jirtu dubbataniiru. Bu’aaleen teeknooloojii dhaabbatichi maddisiisu hedduun, dhaabbileen akka amala isaaniitti fudhatanii hojii irra oolchuu qabu jedhaniiru. Yeroo ammaa dhaabbiileen hubannoo nam-tolcheen deeggaramanii hojjechuun bu’aa argamsiisaa akka jiran dubbataniiru. Manneen murtii keessatti adeemsa dhimmootaa saffisiisuufi bu’a-qabeessummaa fiduu keessatti hubannoon nam-tolcheen gahee olaanaa taphachaa jiru akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Teekinooloojichi nageenyaafi tas-gabbii biyyaa mirkaneessuuf qooda olaanaa gumaachaa akka jirus itti dabaluun beeksisaniiru. Dura teessuun koree dhaabbataa akka ibsanitti, beekamtii Itiyoophiyaan argatte hojii caaluuf kaka’umsa kan uumu ta’uusaa ibsanii, fuuldurattis hojiilee kalaqaa haaraa dabalaluudhaan imalichi cimee akka itti fufu mirkaneessaniiru. #Ena Afaan Oromoo#ENA
Naannoo Harariitti namoonni kuma 357 caalan waraqaa eenyummaa Faayidaa fudhataniiru
Apr 23, 2026 149
Ebla 15/2018(ENA)- Naannoo Harariitti namoonni kuma 357 caalan waraqaa eenyummaa Faayidaa fudhachuusaanii ejensiin galmee siviilii naannichaa ibse. Itti gaafatamaan ejensii galmee siviilii naannoo Hararii fi qindeessaan waraqaa eenyummaa dijitaalaa faayidaa naannichaa Saadaam Mahaammad akka ibsanitti, waraqaa eenyummaa dijitaalaa faayidaa aanaalee magaalaa fi baadiyyaa biraan gahuuf hojjetamaa jira. Baatiiwwan 9 darban namoonni kuma 180 caalan waraqaa eenyummaa kana fudhachuusaanii fi walumaa gala amma ammaatti namoonni kuma 357 caalan waraqaa eenyummaa kana fudhachuusaanii eeraniiru. Waraqaan eenyummaa dijitaalaa Faayidaa milkaa’ina tiraanisfoormeeshinii dijitaalaaf gumaacha guddaa qaba jechuun ibsaniiru. Keessumaa adda baastuun eenyummaa dijitaalaa dhaabbileen tajaajila si’ataa fi saffisaa akka kennan gargaaruun iftoomaa fi bulchiinsa gaarii buusuuf murteessaa ta’uu kaasaniiru. Waraqaan eenyummaa kun kanneen tajaajila kennanii fi argatan jidduu wal amantaan akka jiraatu kan gargaaru, hojii dhaabbilee kan qindeessu, sadarkaa nama dhuunfaattis mirga ofii kan eegsisu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Kutaaleen hawaasaa sababoota garagaraan hin galmoofne wiirtuu galmee isaanitti dhihoo jirutti argamuun tajaajila kana akka argatan itti gaafatamaan kun dhaamaniiru.
Tajaajilli Wiirtuu tokkoo Masoob deddeebbii hanbiseera
Apr 21, 2026 1263
Ebla13/2018(ENA)፦ Tajaajilli Wiirtuu tokkoo Masoob" rakkoo malee tajaajila akka argannu nu dandeessiseera jechuun Jiraattonni Magaalaa Miizan Amaan dubbatan. Obbo Mahaammad Huseen eeyyama daldalaasaanii haareffachuuf Gidduugalichatti kan argaman tajaajiloota garaa garaa bakka tokkotti rakkoo malee argachuusaanii ibsaniiru. Tajaajilichi tuttuqqaa waraqaarraa bilisa ta'uusaa qofa osoo hin taane, saffisaa fi kabaja maamilaa kan eeggate ta'uunsaatti gammaduusaanii dubbataniiru. Kunis kutannoo Mootummaan rakkoo Bulchiinsa gaarii furuu fi deddeebbii uummataa hir’isuuf qabu hojiin mirkaneessuusaa ibsaniiru. Tajaajilamtuun Aadde Ergoyyee Shifarraawu gamasaaniin, giddu-galichatti rakkoo malee yeroo gabaabaa keessatti tajaajila saffisaa argachuusaanii ibsaniiru. Tajaajila Wiirtuu tokkoo Masoob keessatti bakka tokkotti yeroo fi maallaqa qusachuun tajaajila saffisaa argachuu danda'uun isaaniin deddeebbiirraa bilisa ta'uusaanii ibsaniiru. Dargaggoo Eliyaas Azannee waraqaa eenyummaa dijitaalaa "Faayidaa" baafachuuf, dhimmoota ji'oota hedduu fudhatan daqiiqaa muraasa keessatti xumurachuu waanda'ameef, teekinoolojicha haala fooyya'een misoomsuun tajaajilicha amanamaa taasisuun akka barbaachisu ibseera. Naannoo Ummattoota Kibba-Lixaa Itiyoophiyaatti Qindeessaan damee teeknoolojii tajaajila giddu-gala tokkoo Masoob Obbo Ahimad Huseen, giddu-galichatti ji'oota shan keessatti qofa lammiilee kuma 22 ol ta'aniif tajaajila kennuun danda'ameera jedhaniiru. Ragaan qorannoo sirnichaa tajaajilamtoota irraa fudhatame akka mul’isutti, itti quufiinsa maamiltootaa dhibbeentaa 97 tuqaa 8 geessisuun danda'ameera jedhaniiru. Naannichatti lammiileef tajaajila saffisaa fi amanamaa kennuuf sirna dijitaalaayizeeshinii cimaa ijaaruun cimee akka itti fufuu beeksisaniiru. Dhaabbanni tajaajila giddu-gala tokkoo "Masoob" Magaalaa Miizaan Amaan, Dhaabbileen Naannoo fi Federaalaa 9 tajaajiloota isaanii 38 akka kennan ta'ee kan gurmaa'eedha.
Hoj-maata Dijitaalaa Babal’isuun ragaa mirkaneessuu fi gurmeessuuf hojiin hojjetamu cimee itti fufa
Apr 20, 2026 1320
Ebla 12/2018(ENA)-Daayireektarri Olaanaa Tajaajila Istaatistikii Itiyoophiyaa Doktar Bakar Shaalee, hojiin dijitaalaan odeeffannoo mirkaneessuu fi gurmeessuu akka cimu ibsan. Tajaajilli Istaatistikii Itiyoophiyaa, Komishinii Siivil Sarviisii waliin ta'uudhaan, hojii odeeffannoo hojjettoota siivil sarviisii mirkaneessuu irratti mariin hubannoo cimsuu Magaalaa Samaraatti adeemsifamaa jira. Daayirektarri Olaanaa Tajaajila Istaatistikii Itiyoophiyaa Doktar Bakar Shaalee wayita sana akka jedhanitti, hojiin dijitaala odeeffannoo siivil sarvaantootaa mirkaneessuu fi gurmeessuu cimee hojjetamaa jira. Siivil Sarviisii Dijitaalaawaa dhugoomsuun faayidaa hedduu qabaachuu ibsuudhaan, odeeffannoo gurmaa'een sirna qabannaa odeeffannoo amansiisaa diriirsuuf saffisaan hojjechuun akka barbaachisu hubachiisaniiru. Naannichi xiyyeeffannoo kennee odeeffannoo hojjettootaa waraqaa eenyummaa Dijitaala (digital ID) waliin hojiin wal-qabsiisuu hojii odeeffannoo dijitaala gochuu (digitize) biyyoolessatti jalqabame ni saffisiisa jedhaniiru. Kanaanis, Odeeffannoo guddisuun Siivil Sarvaantii tajaajila kennu cimsuuf xiyyeeffannoo kennamuusaa ibsaniiru. Marii kanarratti kan argaman Hogganaan Biiroo Siivil Sarviisii fi Misooma Qabeenya Namaa Naannoo Afaar obbo Mahaammad Ahimad gama isaaniitiin, siivil sarviisii dijitaalaawaa dhugoomsuuf hojiin hojjetamaa jiru jajjabeeffamuu qabu jedhaniiru. Sirna qabannaa odeeffannoo fooyyessuun tajaajila saffisaa kennuuf gumaacha olaanaa godhachaa akka jiru dabalanii dubbataniiru. Marii kanarratti Daayireektaroonni Qabeenya Namaa Naannoo Afaar, kan Zoonii fi Aanaa hirmaachaa jiru.
Ispoortii
FedereeshiniinAtileetiksii Itiyoophiyaa yaa’ii waggaa waliigalaa 29ffaa gaggeessuu eegale
Apr 20, 2026 463
Ebla 12/2018 (ENA)፦ Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaa yaa’ii idilee waliigalaa 29ffaa har’a Finfinneetti gaggeesuu eegaleera. Yaa’ii hanga boruutti turu kanarratti, gabaasni raawwii karoora bara baajataa 2017 irratti mari'atamee ragga'eera. Yaa’ichi odiitara alaa moggaasuu akkasumas gabaasa odiitii alaa bara baajataa 2017 dhaggeeffatee mari'achuun raggaasisuuf ajandaawwan qabateera. Itti dabalees, karoora hojii fi baajata bara 2018 irratti mari'achuun murtoo kan dabarsu ta'a. Gama biraan Yaa'icharratti dhimmoonni sirna hoj-maata dhaabbataa (rifoormii) fi qorannoo caasaa humna namaa ilaaluun raggaasisuu yoo ta'u, seera itti bulmaata Federeeshinichaa fooyya'e qoratee kan raggaasisu ta'uus ni eegama. Yaa’ichi karoora tarsiimawaa waggaa shanii akkasumas qajeelfama bittaa, faayinaansii fi bulchiinsa qabeenyaa Federeeshinichaa Fooyya'e ajandaan godhachuun mari'atee akka raggaasisu Odeeffannoon Federeeshinichaarraa argame ni mul'isa.
Atileet Fantaayee Dorgommii Idil Addunyaa “ADDIS ABABA GRAND PRIX” Fiigicha Meetira Kuma 10 dubartootaan injifatte
Apr 18, 2026 1609
Eebila 10/2018(ENA) : Dorgommii Idil Addunyaa “ADDIS ABABA GRAND PRIX” Istaadiyeemii Finfinneetti adeemsifamuu kan eeglame yoo ta'u, fiigicha fageenya Meetira Kuma 10 dubartootaan atileeti Faantaayee Adaana injifatteetti. Dorgommiin morkiin olaanaa irratti mul’ate kana irratti atileet Faantaayeen daqiiqaa 33:24:56’n tokkoffaa ba’uun xumurteetti. Atileet Almaaz Baaraakii 2ffaa ba’uun yoo xumurtu, Taaffare Xibab Inniyoo 3ffaa ta’uun dorgommicha xumuraniiru. #Ena Afaan Oromoo #ENA
Dorgommii atileetiksii addunyaa yeroo jalqabaaf Itiyoophiyaatti gaggeeffamu
Apr 18, 2026 152
Ebla 10 /2018 (ENA)- Atileetiksiin addunyaa Giraandi Piriiksi dorgommiin guyyaa tokkoo har’a Isstaadiyoomii Finfinneetti ni gaggeeffama. Itiyoophiyaan seenaasheetiin yeroo jalqabaaf dorgommii atileetiksii idli addunyaa keessummeessuuf carraa kan argatte Guraandhala 2018dha. Barreessaan olaanaa dorgommii atileetiksii addunyaa Piirsi Oklagan jalqaba baatii Guraandhalaa Itiyoophiyaatti daawwannaa hojii giyyaa lamaa taasisuunsaanii kan yaadatamudha. Yeroo kanatti Itiyoophiyaan dorgommiiwwan idil addunyaa qopheesuuf humna ga’aa akka qabdu ibsanii, dorgommiiwwan garagaraa gara Itiyoophiyaa akka dhufan ni goona jechuunsaanii ni yaadatama. Haaluma Kanaan dorgommiin atileetiksii addunyaa yeroo jalqabaaf Itiyoophiyaatti gaggeeffamu sagantaa dorgommii atileetiksii addunyaa kan wagga keessatti hammatameera. Mootummaan dorgommii seena qabeessa kanaaf qophii barbaachisu taasiseera. Dorgommiin har’a gaggeeffamu kun atileetonni Itiyoophiyaa qofti kan itti hirmaatanii fi atileetonni idil addunyaa kan uttu hirmaatan jechuun bakka lamatti qoodameera. Atileetota beekamoo dorgomicharratti hirmatan keessaa lammiin Ameerikaa Gaabii Toomaas fi lammiin Keeniyaa Fardiinaandi Omaniiyalaa keessatti argamu. Atileetonni Afriikaa, Awurooppaa, Isiyaa fi Ameerika Kaabaa dabalatee ardiiwwan garagaraarraa walitti dhufan 70 ol dorgommicharratti nihirmaatu. Atiileetonni kunneen walakkaa torbee kanarraa eegaluun Istaadiyoomii Finfinneetti shaakalaa turaniiru. Haarmosi Istaadiyoomii Finfinnee xumuramee dorgommiin qophii taasifameera. Dorgommiin kun teeknooloojiin deeggaramee kallattiin (Live Stream) ni tamsaasama. Kun ammoo maqaa gaarii Itiyoophiyaa addunyaaf beeksisuu fi tuurizimii Ispoortii guddisuuf faayidaa guddaa akka qabaatu ni eegama. Atileetiksiin addunyaa Giraandi Piriin Finfinnee sadarkaan Naasaa kan kennameefidha.
Naannichatti dhaloota qaamaa fi sammuun gahoome horachuuf hojiin hojjetamaa jira
Apr 17, 2026 722
Eebila 9/2018 (ENA) : Naannoo Hararii keessatti dhaloota qaamaa fi sammuun gahoome horachuuf hojiin hojjetamaa jira jedhan Bulchaan Naannichaa obbo Ordiin Badirii. Dorgommiin Liigii Manneen Barnootaa naannoo Hararii fi Ispoortii Barsiisotaa 2ffaa Biiroo Barnootaa Naannoo Hararii mata duree "Dhaloota qaamaa fi sammuun gahoome badhaadhina biyyaaf" jedhuun eegalameera. Akka Bulchaan naannichaa obbo Ordiin Badirii sirna baniinsa dorgommii kanaa irratti argamaniii dubbatanitti, barattoonni har'aa egeree Itiyoophiyaa kan bakka bu’u isin jedhani. Dhaloonni qaamaaf sammuun gahoome badhaadhina biyyaaf shoora inni qabu olaanaa waan ta’eef dhaloonni ammaa kuni dubbisuu,qorachuufi biyyaa fi maatii isaaf gaachana ta’uu qaba jedhaniiru. Barattoonni miidiyaa hawaasaatiin hoogganamuu osoo hin taane, naamusaan qajeelaa ta’anii miidiyaa hawaasaa hoogganuu akka qabanis dubbataniiru. Ispoortiin hiriyummaa, tokkummaa fi nagaaf iddoo guddaa waan qabuuf dorgommii kana irratti ciminaan dorgomanii haala ispoortii fakkaatuun ga’umsa agarsiisuu qabu jedhan. Hogganaan Biiroo Barnootaa Naannichaa obbo Geetuu Nagawoo gama isaaniin akka himanitti, har’a Eebila 9, 2018 irraa eegalee torban afuriif kan turu dorgommii kanarratti manneen barnootaa dhuunfaa fi mootummaa naannichaa hundi ni hirmaatu jedhani. Dorgommiin kun dhaloota fayyaa fi sochiin gahoome manneen barnootaa keessatti uumuuf kutannoo qabnu kan argisiisnudha jedhani. Walitti dhufeenya barattootaa fi barsiisotaa cimsuu fi atileetota naannoo oomishuuf kaayyeffatee kan qophaa’e ta’uus himaniiru. Sagantaa jalqabsiisa dorgommii kanaa irratti hoggantoonni olaanoo naannichaa, barattoonni manneen barnootaa mootummaa fi dhuunfaa naannichaa, barsiisotaa fi ogeeyyiin ispoortii hirmaataniiru. Dorgommiin kun har'a magaalattii Istaadiyeemii Imaam Ahmaditti eegale. Fiigicha meetira 100 barsiisotaa irratti manni barumsaa sadarkaa 2ffaa Abaadir injifateera. #Ena Afaan Oromoo #ENA
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Godina Wallaggaa Bahaatti Ganna dhufuuf biqiloota diinagdeef barbaachisoo ta’an dhaabuuf qophiin taasifamaa jiru itti fufeera
Apr 23, 2026 209
Ebla 15/2018 (ENA): Godina Wallaggaa Bahaatti Ganna dhufuuf biqiloota diinagdeef barbaachisoo ta’an dhaabuuf qophiin taasifamaa jiru itti fufeera jedha waajjirri qonnaa Godinichaa. Akka dursaan garee qabeenya uumamaa waajjirichaa, obbo Dassaalenyi Ballaxaa himanitti, Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaan biqiltuuwwan dinagdeen barbaachisoo ta’an bal’inaan qophaa’aa jiru jedhani. Sagantaa bara kanaa keessatti gosoota biqiltuu hundaaf xiyyeeffannaan kan kennamu ta’us, gosoota dinagdeen barbaachisoo ta’aniif xiyyeeffannoon guddaan kennameera jedhan. Biqiltoota dhaabbiif qopheeffamaa jiran keessaa kuduraalee fi muduraalee, biqiloota bosonaa fi leemmanaa fi nyaata beeyladaaf kan oolan ta’uu himaniiru. Gosti biqiltuu kun haala qilleensa naannoo sanaaf kan mijatu ta’uu fi yeroo gabaabaa keessatti bu’aa kan kennu ta’uu ibsaniiru. Muuxannoo waggoota darbanii irratti hundaa’uun bu’aa fooyya’aa galmeessisuuf qophiin boolla biqiltuu qopheessuu eegalamee, qorannoo haala qilleensaa, kunuunsa biyyee fi bishaanii, akkasumas hirmaannaa hawaasaa guddisuuf hojiin qophaa’inaa hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Lafti heektaara kuma 107 dhaabbii bara kanaatiif qophaa’uusaa, hojiin kunuunsa biqiltuu kunuunsuu ciminaan itti fufuusaa godina kana keessatti buufanni biqiltuu mootummaa fi dhuunfaa kuma 2, 194 irratti ciminaan itti fufuusaa ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Misoomni Ashaaraa Magariisaa Diinagdee Haala Qilleensaaf hin saaxilamne Ijaaruuf tattaaffii taasifamuuf fakkeenyadha
Apr 22, 2026 139
Ebla 14/2018 (ENA): Misoomni Ashaaraa Magariisa Itiyoophiyaa Afrikaa keessatti diinagdee haala qilleensaa dandamachuu danda’u ijaaruuf hojjetamaa jiruuf fakkeenya kan ta’u akka ta’e Dura taa’aan Boordii Gamtaa Warraaqsa Magariisaa Afrikaa (AGRA) Hayilamaariyaam Dassaalany ibsaniiru. Turtii ENA waliin taasisaniin, Dura taa’aan kun tarsiimoon misooma Ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaa tumsaa fi qindoomina misooma daangaa qaxxaamuraa fi ardiilee gidduutti bu’uura godhachuun milkaa’inaan hordofamuu isaa hubachiisaniiru. Tarsiimoon misooma ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaa qabeenya uumamaa eeguu fi jijjiirama qilleensaa ittisuu qofa osoo hin taane, wabii nyaataa mirkaneessuu akka ta’es ibsaniiru. Keessattuu hojiiwwan misoomaa waggoota dhiyoo asitti hojjetaman dinqisiisaa ta’uu hubachiisuun, akka biyyaatti milkaa’ina guddaa argamsiiseera jedhan. Waggoota darban keessatti biqiltuuwwan biliyoonaan lakkaa’aman dhaabuun qabeenya uumamaa eeguu fi jijjiirama qilleensaa qolachuu qofaan osoo hin taane wabii nyaataaf bu’uura ta’uun agarsiifameera jedhan. Kanaaf, Afrikaa keessatti dinagdee haala qilleensaa dandamatu ijaaruuf tattaaffii taasifamaa jiru keessatti misoomni ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaa fakkeenya ta’uu hubachiisaniiru. Biqiltuuwwan faayidaa dachaa qaban irrattis xiyyeeffannaan misooma qonnaa fi oomishtummaaf bu’uura ta’aa jira jedhan. Guddinni damichaa itti fufiinsa kan barbaadu ta’uus eeraniiru. Kanaaf biqiltuu dhaabuun barbaachisaa ta’ee osoo jiruu, shaakala kanneen dhaabaman eeguu fi kunuunsuu dagaaguu akka qabu eeraniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #ENA
Itiyoophiyaa, akka biyya keessummeessituu COP32tti
Apr 17, 2026 755
Koree Biyyaalessaa ifatti hundeessuun qophii ishee eegalteetti. Adeemsa kana kaayyoo ifa ta’ee fi mul’ata guddaa qabatanii akka hoogganan hoggansa ijoo muudnee jirra. Kana hordofuun caasaan Pirezidaantummaa COP hojiiwwan dursa kennuuf qindoominaa fi bu’a qabeessa ta’an jalqabeera. Walgahii har'a Koree Biyyaalessaa waliin taasifneen, hojiiwwan hanga ammaatti dameewwan adda addaatiin hojjetaman gamaaggamuun, qaawwa jiru adda baasuun, carraaqqiin keenya hundi mul’ata biyyaalessaa keenyaa wajjin kan walsimu ta’uu fi dhiisuu isaa qoratameera. Gamaaggama bira darbee gara fuulduraatti kallattii waloo kaa'annee jirra. Xiyyeeffannaan keenya ifaadha; sagantaa idil-addunyaa kana tumsa cimaa, mul’ata tokkummaafi kutannoo walootiin olaantummaadhaan keessummeessuun guddummaa biyyattii agarsiisuufidha. Ministira MuummeeDr. Abiyyi Ahimad #Ena Afaan Oromoo #ENA
Naannoo Harariitti sagantaa Ashaaraa magariisaaf qophiin taasifamaa jira
Apr 15, 2026 289
Eebila 07/2018 (ENA): Sagantaa AShaaraa Magariisaa bara kanaatiif qophiin biqiltuu hedduumminaan gaggeeffamaa jiraachuu Biiroon Misooma Qonnaa Naannoo Hararii beeksise. Naannichatti hojiiwwan Ashaaraa magariisaa milkeessuuf hojiin qophii biqiltuu fi bakka dhaabbii biqiltuu mijeessuun gaggeeffamaa jiraachuu Biiroo Qonnaa Naannichaatti, Daarektarri Misooma itti fayyadamaa fi eegumsa qabeenya uumamaa obbo Araarsoo Adam ENA’f ibsaniiru. Biqiltuuwwan kunneenis giddu-gala biqiltuu mootummaa fi qonnaan bultootaan kan qophaa’aa jiran yoo ta’u, kanaanis dhibbeentaa 70 kan ta’an biqiltuuwwan firiin isaanii nyaatamu ta’uu isaanii ibsaniiru. Biqiltuuwwan hafan immoo mukeen biyyaalessaa, kan nyaata beeyladaa fi fayyidaa bosonaaf oolan ta’uu isaanii obbo Araarsoon ibsaniiru. Biqiltuuwwan akka Appilii, Maangoo fi Avokaadoon Faayidaa dachaa qaban, kilaastaraan kan dhaabaman ta’uu eeraniiru. Naannichatti baatii Gannaa keessa biqiltuuwwan lafa naannoo hektaara 1,000 irratti dhaabuuf karoorri qabamuun ibsameera.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 2682
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan. Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru. Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru. Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.
Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifama
Dec 7, 2024 10841
Sadaasa 27/2017(TOI) - Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu Humni Elektiriikii Itoophiyaa beeksise. Har'a galgala kana tasgabbii dhabuu sistamaatiin rakkoo mudateen guutuu biyyattiitti humni elektirikii addaan citeera. Rakkoo kana hiikuufi humnicha deebisuuf buufatalee maddoota humnaafi raabsaatti tattaaffiin olaanaa taasifamaa jira. Rakkoo umame Humni Elektiriikii Itoophiyaa hiikee hanga bakkasaatti deebisutti obsaan akka nu eegdan kabajaan gaafachaa, odeeffannoowwan jiran hatattaamaan kan isiniin biraan geenyu ta'a jechuun Tajaajilli Elektiriikii Itoophiy karaa miidiyaa hawaasummaa isaa beeksiseera.