ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Misoomni Kooriidaraa magaalaa Amboo bifa haaraa fi miidhagaa ishee gonfachiiseera
Oct 30, 2025 4
Onkoloolessa 20/2018(TOI)-Misoomni Kooriidaraa magaalaa Ambootti hojjetame magaalattii bifa haaraa fi miidhagaa akka ishee gonfachiise Jiraattonni magaalatti dubbatan. Naannoo Oromiyaatti magaalota misoomni Kooriidaraa bal’inaan keessatti hojjetaman keessaa tokko magaalaa Ambooti. Jiraattonni magaalaa Amboo misooma Kooriidaraa magaalattitti hojjetaman ilaalchisuun TOI’n dubbise misoomni kooriidaraa bifa magaalattiin duraan qabdu jijjiiraa akka jiru dubbataniiru. Jiraataan magaalaa Amboo obbo Mangistuu Raggaasaa akka jedhanitti, Kooriidarichi osoo hin eegaliin dura daandiin muummee magaalaa Amboo Qaxxaamuree darbu tiraafikaa fi sochii namootaatiin kan muddame ture. Hojiin misooma Kooriidaraa erga eegalee sitti garuu daandiin waan bal’ateef konkolaattotaa fi namaaf haala mijataa uumuun alatti miidhaginni magaalattii dabaleera jedhan. Dargaggoonnis bakka bashannanaa fi itti boqotan argachuusaanii argachuusaanii dubbataniiru. Jiraataan magaalaa Amboo kan biraan obbo Mangee Tafarii,misoomni kooriidaraa magaalaa Amboo osoo hin eegalamiin dura balfi qarqara daandiirratti kuufame deemuuf rakkisaa ture jedhaniiru. Bakkeewwan balfaan guutamanii turan bakka bashannanaatti jijjiiramuusaanii dubbatanii, milkaa’ina misooma kooriidaraa kanaaf bulchiinsa magaalaa cinaa dhaabachuun deeggarsa taasisan akka itti fufan ibsaniiru. Misooma kooriidarii hojjetameen bakkeewwan qilleensa qulqulluun waan guutameef magaalattii jireenyaaf mijattuu fi qulqulluu godheera jechuun dubbataniiru. Dargaggoo Baayyisaa Taammiruu gamasaatiin, guddina biyyaa saffisiisuuf qoonni dargaggootaa guddaa ta’uu eeree, misoomni magaalattiitti gaggeeffamaa jiru akka saffisu hirmaannaa akka cimsu ibseera. Hojiin misooma kooriidaraa bifa magaalattii jijjiiruun turizimii fi invastimantiif mijattii akka taasisu ibsee, dargaggoota biroo waliin ta’uun amma hojiin misoomaa kun xumuramutti qoodasaa akka bahu mirkaneesseera.
Jiruu fi Jireenya Qonnaan Bulaa Ceessisuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu qaba-ministira muummmee Dr. Abiyyi Ahimad
Oct 30, 2025 15
Onkoloolessa 20/2018(TOI)- Haala jiruu fi jireeenya qonaan bulaa jijjiiruun Qonnaan Bulaa Ceessisuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabu Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad ibsan. Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Bahaatti sagantaa walitti qabuu oomisha midhaan gannaa fi jalqabsiisa hojii misooma qamadii bonaa irratti argamanii hojiiwwan misooma Qonnaa adda addaa daawwataniiru. Qonnaan bulaan yeroo ammaa qabeenya argachaa jiraachuu eeruu, Qonnaan bultoonni keenya maallaqa qaban fayyadamuun jireenya fooy’aa jiraachuu akka qaban Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad hubachiisaniiru. Qonnaan bulaan maallaqa argachaa jiraatus haalli jireenya isa hin fooyyofne jechuun, jiruu fi jireenya qonnaan bulaa ceessisuuf karoora qabame Kanaan namni gaafa mana ijaaru boroosaa keessatti Baawoo Gaazii, Soolaarii, Televiizyinii qabaachuu, mana ofiisaa fi saawwanii gargar baasuun jireenya isa fooyyessaa deemuu qabna jechuun ibaniiru. Qonnaan bultoonni humna qaban haala diizaayinii baheen manasaanii jijjiiraa deemuu qabu jechuun dhaamaniiru. Haalli jireenya Qonnaan Bulaa hin jijjiiramu taanaan wanti oyiruurratti hojjetamaa jiru qofaan gatii akka hin qabne ibsaniiru. Qonnaan bulaan qotee dadhabee maallaqa argatee baankii ka’uun qofti jireenyasaa kan hin jijjiirre ta’uu eeruun, qusannaa qofa osoo hin taane jireenya isaa fi jireenya ijoollee isaa fooyyesuu qaba jedhaniiru. Kaayyoon mootummaa inni guddaan jiruu fi jireenya ummata fooyyessuu akka ta’es eeraniiru. Yeroo amma kun hojiiraa oolaa jiraachuu eeruun Qonnaan bulaan qabeenya argateen jireenyasaa fooyyessuu qaba jechuun hubachiisaniiru.
Madin Itiyoophiyaan har’a Piiraamidii Gibtsii waliin taphasaanii gaggeessa
Oct 30, 2025 17
Onkoloolessa20/2018(TOI)-Madin Itiyoophiyaan shaampiyoonsii liigii “CAF” marsaa 2ffaa har’a injifataasaa wayita sanaa Piiraamidii Gibtsii waliin taphasaa ni gaggeessa. Taphni Gareewwan Lameenii galgala sa’aatii12:00kaayirootti kan argamu Istaadiyeemii June 30 er diffeensitti gaggeeffama. Kilaboonni kun Onkoloolessa16 bara2018 tapha marsaa jalqabaa gaggeessaniin tokko gitaan addaan bahaniiru. Burk Mulgeetaa Madin Itiyoophiyaaf, Fiisten Mayelee piraamidiif goolii kan lakkoofsisanidha. Madin Itiyoophiyaan tapha deebi’aa yoo injifate gara garee shaampiyoonsi liigii CAF tti ,makama. Madin bara kana shaampiyoonsi liigii CAF irratti yeroo jalqabaaf hirmaachuusaati. Garichi seenaasaa keessatti piriimer liigii Itiyoophiyaa yeroo jalqabaaf injifachuun carraa dorgommii Ardiirratti hirmaatu akka argatuuf dandeessiseera. Kilabiin Gibtsi Piiraamid abbaa waancaa Shaampiyoonsi liigii CAFti. Kilabichi waancaa mo’attoota waancaa CAF injifateera.
Qonni Guddina Biyyaa keessaatti gahee guddaa kan bahu waan ta’eef hordoffii barbaada– Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad
Oct 30, 2025 13
Onkoloolessa 20/2018(TOI)- Qonni Guddina Biyyaa keessaatti gahee guddaa kan bahu waan ta’eef hordoffii barbaada jechuun ibsan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Bahaatti sagantaa walitti qabuu misooma midhaan gannaa fi jalqabsiisa hojii misooma qamadii bonaa irratti argamanii haasaa taassisaniiru. Itiyoophiya keessatti Omishtummaa guddisuuf haala mijataa uumameen Bonaa fi ganna qotamaa jira kan jedhan ministirri muummeen, hojii hojjetamuun qamadii qofa osoo hin taane Ruuzii, Boqqolloo fi Xaafiin babal’achaa jira jedhaniiru. Omishtummaan keenya yeroo gara yerootti ammuma guddachaa dhufu ijoolleen keenya hojii argatu, namn nyaatee bula, gurguratees buufata jedhaniiru. Qonnaan bulaan keenya osoo lafa, bishaanii fi humna qabuu kadhachuu hin qabu jechuun dubbataniiru. Qonni Guddina Biyyaa keessaatti gahee guddaa kan bahu waan ta’eef hordoffii fi deeggarsa barbaada jechuun ibsaniiru. Qonni kilaastaraa babal’achaa jiraachuu eeruun, ammas hojii kana cimsuun Qonnaan bultoonni kilaastaraan qotuun tiraaktaraa fi kombaayinara fayyadamuu akka danda’u gochuuf hojjechuu qabna jedhaniiru. Waggaa lamaa fi sadii booda yeroo xa’oo omishuu eegallu qorannoorratti hundaa’uun haala lafa keenyaaf mijatuun xaa’oo fayyadamnee omishtummaa keenya dachaan daballa jedhaniiru. Yeroo akkasii meeshaa ammayyaa Tiraaktara fi kombaayinara hin fayyadamnu taanaan callaan argannu harca’uu waan danda’uuf of qopheessuu qabna jechuun hubachiisaniiru. Lafa fi bishaan keenya sirriitti beekne madaallee yoo fayyadamne Ityoophiyaan nyaatan of-danda’uu qofa osoo hin taane isaa olitti gurgurtee fayyadamuufis ta’e kaan gargaaruuf haala mijaataa qabdi jedhaniiru. Yeroo ammaa akka Itiyoophiyaattis ta’e akka Oromiyaatti waanti hojjetamaa jiru abdii kan namatti horu jiraachuu eeruun, caalaatti hojjechuun murteessa ta’uu hubachiisaniiru.
Itiyoophiyaan cehumsa misoomaa olanaarratti argamti-Itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa
Oct 30, 2025 13
Onkoloolessa 20/2018(TOI)- Itiyoophiyaan cehumsa misoomaa olaanaarra akka jirtu naannoon Oromiyaa godinni Shawaa Bahaa ragaadha jechuun ibsan Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan ministira muummee godina Shawaa Bahaatti hojiilee mosooma qonnaa daawwataniiru. Daawwannaan booda ibsa kennaniin, qonnaan bultoonni naannawa sulula Qinxaamaa mul’ataan guutamanii hojjechaa, meekaanaayizeeshiniin babal’achaa, walitti hidhamiinsi gabaa sorooraa mootummaanis hooggansa ga’oomaa kennaa akka jiru ibsaniiru. Dhamaatii fi qindoominni kun hundi ga’umsisaa badhaadhina Itiyoophiyaa karoorfannedha jedhaniiru. Kombaayinaroonni hedduun bobba’anii midhaan haamaaf gahe walitti qabamaa, kana cinaattis misooma Qamadii bonaaf qophaa’aa akka jiru dubbataniiru. Bakkeen kun hanqina roobaa kan qabuu fi sululli Qinxaamaa kan keessa darbu yoo ta’u Seeftiineetiin gargaaramaa akka ture eeranii, yeroo ammaa garuu bishaan lafa keessaa fi laga Awaash naannawicha keessa darbutti fayyadamuun hojiileen misoomaa garagaraa hojjetamaa akka jiran dubbataniiru. Kun ammoo qonnaan bulaan keenya gargaaramuurraa gara oomishuutti jijjiiramaa akka jiru agarsiisa jedhaniiru. Gama biraatiin misooma Qamadiin alatti muuzii fi Paappaayaan kilaastaraan misoomaa akka jiru arguusaanii dubbataniiru. Yeroo ammaa qonnaan bulaan Qamadii dabalatee kuduraa fi muduraa kilaastaraan oomishaa jira, kun ammoo bayyanachuu Itiyoophiyaa fi badhaadhinni akka hin oolle kan mirkaneessudha jedhaniiru. Dameelee riifoormii man-dhalee filanne shan keessaa qonni isa tokko kan jedhan itti aanaan ministira muummee, hojiin qonnarratti hojjennu industirii oomishaaf galtee guddaa ta’a jedhaniiru. Kana cimsaa wayita deemnu carraan hiyyummaa jalaa bahuuf qabnu yeroo dhihootti akka mirkanaa’u agarsiisa jedhaniiru.
Siyaasa
Nageenyi Godina Wallaga Lixaatti bu’e hirmaannaa fi fayyadamummaa Misoomaa guddisaa jira- Jiraattota Godinichaa
Oct 30, 2025 32
Onkoloolessa 20/2018(TOI) - Nageenyi Godhina wallaga Lixaatti bu’e hirmaanaa misoomaa fi fayyadamummaasaanii guddisaa jiraachuu jraattonni godinichaa TOI’n dubbise ibsan. Nageenyi Naannichatti bu’e sochii Hawaasummaa fi Dinagdee haala fooya’een akka raawwatamani taassisuusaa jiraattonni dubbataniiru. Jiraattota Godinichaa yaadasaanii kennan keessaa Obbo Ayyaanaa Mangashaa rakkoon nageenyaa ammaan dura naannichatti mudatee turee maqee nageenyi bu’uusaatiin hojii misoomaarratti akka ciman taassiseera. Kunis gannaa fi bona hojii misoomaarratti hirmaannaa taassisan akka dagaaguu fi fayyadamummaansaanii guddachaa akka dhufu gochuusaa dubbataniiru. Keessumaa hojiiwwan misoomaa hawaasicha fayyadan raawatamaa jiraachuu eeruun hojiiwwan misoomaa kun milkaa’inaaf akka gahanii fi nageenyi argame fulla’aa akka ta’uuf qoodasaanii akka bahan ibsaniiru. Hirmannaa mootummaa fi uummataan nageenya naannoosaaniitti bu’een soda tokko malee socho’uun hojiisaanii hawaasummaa fi Diinagdee raawwachaa jiraachuu isaanii kan dubbatan immoo adde Ayyaantuu Horaati. Fuulduratti hojiiwwan misooma akka itti fufaniif nageenya cimsuuf tattaaffii taassifamaniif qooda gamasaanii akka bahatan ibsaniiru. Jiraataan obbo Magarsaa Aagaa jedhaman gamasaaniin, nageenya Godinichatti bu’een sochiin kallattii hundaan taassisan guutuu ta’uu fi keessumaa qonnaan bulaan sodaa tokko malee hojiisaa guyyaa guyyaa raawwachaa jiraachuu ibsaniiru. Fuuldurattis nageenya fulla’aa gochuurratti jiraattota nannoosaanii waliin wal-tumsuun hirmaannan hojii misoomaarratti taassisan akka cimsan dubbataniiru. Itti gaafatamaan Waajjira Bulchiinsaa fi nageenyaa Godina wallaga lixaa Geetahuun Tarfeessaa akka ibsanitti, godinichatti ummanni qaamolee ngeenyaa waliin ta’ee hojjechuusaan nageenyi fulla’aan bu’eera. Ummanni sodaa tokko malee socho’ee hojiisaa akka hojjetuuf haalli mijataan uumamuusaan uummann garaa guutuun hojii misoomaarratti hirmaachaa jira jedhaniiru. Nagenya bu’een hojiiwwan misoomaa eegalaman itti fufuusaanii fi nageenya argame cimsanii tursiisuuf ummanni qoodasa cimsuu qaba jedhaniiru.
Paartiin badhaadhinaa leenjiin waggaa gaggeessuu eegale
Oct 30, 2025 26
Onkoloolessa 20/2018(TOI)-Paartiin badhaadhinaa leenjii waggaa hooggantoota olaanoo bara 2018 gaggeessuu eegaleera. Leenjichi mataduree “ Ilaalcha Mootummaa Ida’amuutiin, milkaa’inoota damichaa’’ guyyoota walitti fufaan 10f kan kennamu ta’a. Leenjichi mata dureewwan adda addaa daandeettii, beekumsaa fi humna hoggansaa dagaagsan kan itti dhihaatan ta’uun ibsameera. Leenjicharratti Qondaaltonni Olaanoon Federaalaa fi Naannoolee irraa dhufan kuma 2 ol akka hirmaatan eerameera. Leenjicha cinaatti daawwannaan hojii dirree akka gaggeeffamu eerameera.
Itiyoophiyaan nageenya Sudaan Kibbaaf deeggarsa barbaachisu ni gooti – Dr. Geediyoon Ximootiwoos
Oct 29, 2025 201
Onkoloolessa 19/2018 (TOI)- Itiyoophiyaan nageenyaa fi tasgabbii Sudaan Kibbaaf deeggarsa gootu cimsitee akka itti fuftu ministirri dhimma alaa Dr. Geediyoon Ximootiwoos ibsan. Itiyoophiyaan Sudaan kibbaa waliin walitti hidhamiinsa bu’ura misoomaa cimsuuf akka barbaaddu dubbataniiru. Ministirri dhimma alaa Dr. Geediyoon Ximootiwoos jila olaanaa Sudaan Kibbaatti ministira dhimmoota Afriikaa Bahaa Piiyengi DengiKu’oliin durfamu har’a waajjirasaaniitti simatanii dubbisaniiru. Gareen jilaa kun ministira dhimma alaaf haala yroo Sudaan Kibbaa keessumaa bulchiinsa Abuyyee ilaalchisuun ibsa kenneera. Itiyoophiyaan hidha haaromsaa xumurtee milkaa’inaan eebbisiisuusheetiin gammachuusaanii ibsuun ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru. Ministirri dhimma alaa Dr. Geediyoon Ximootiwoos pirezidaantiin Sudaan Kibbaa Saalvaa Kiir Mayardiit eebba hidha haaromsaarratti hirmaachuusaniif galateeffataniiru. Itiyoophiyaan nagaa fi tasgabbii Sudaan Kibbaaf kutannoo cimaa qabdu ministirri Geediyoon Ximootiwoos mirkaneessaniiru. Biyyoonni lamaan caalaatti bu’ura misoomaan walitti hidhamanii tumsa dinagdee riijinii guddisuuf hojjechuu akka qaban ibsuusaanii odeeffannoon ministeera dhimma alaa ni mul’isa.
Itiyoophiyaan ulaa galaanaa isheef malu gaafachuunshee qananii miti – Hayyoota
Oct 29, 2025 143
Onkoloolessa 19/2018 (TOI)-Itiyoophiyaan ulaa galaanaa qaamolee guddinashee hin barbaannee fi ragaan bakka hin jirretti shiraan irraa fudhatame gaafachuunshee mirga malee qananii akka hin taane hayyoonni ibsan. Manni maree bakka bu’oota ummataa 6ffaa bara hojii 5ffaa bakka Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad argamanitti kaleessa walgahii idilee lammaffaa gaggeesseera. Ministirri muummee Dr, Abiyyi Ahimad wayita kana galaana Diimaan walqabatee ibsa kennaniin, dhimmi galaana diimaa gaaffii seera qabeessa, seena qabeessa, haala teessuma lafaa fi dinagdee ta’uu Itiyoophiyaan ni amanti jedhaniiru. Itiyoophiyaan galaana diimaa akka dhabdu eenyu murteesse jennee yoo sakattaanu ragaan hin argamne, dhaabbileenis harka keessaa akka hin qabne kaasaniiru. Ulaan galaanaa dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuu waan ta’eef Itiyoophiyaan itti cufamee jiraachuu waan hin dandeenyeef tattaaffiin gootu cimee akka itti fufu ibsaniiru. Hayyoonni TOI’n dhimmicharratti dubbise akka jedhanitti,Itiyoophiyaan qaamolee badhaadhinashee hin barbaanneen kan harkaa fudhatame qaamashee kan ta’e gaafachuun mirga malee qananii akka hin taane himaniiru. Barsiisaan dippilomaasii fi hariiroo idil addunyaa barsiisa Indaalee Nugusee, akkaataan Itiyoophiyaan ulaa galaanaa itti dhabde daba malee seera qabeessa akka hin taane kaasanii, Itiyoohiyaan ulaa galaanaa argachuu qabdi jedhee mootummaan amanee ajandaa gochuunsaa seeraanis ta’e safuudhaan sirrii ta’uu eeraniiru. Adeemsi dippilomaasii Itiyoophiyaan ulaa galaanaa shiraan dhabde argachuuf itti jirtu Akka cimsitu gorsaniiru. Yuunivarsiitii Boongaatti barsiisaa fi qorataan Saayinsii Siyaasaa fi hariiroo idil addunyaa Dr. Yaared Ayyaalew gamasaaniin Itiyoophiyaan ulaa galaanaa fayyadamuunshee faayidaansaa kan riijinichaas ta’uu akka ta’u dubbataniiru. Itti fayyadama waloof jecha riijinicha dabalatee hawaasni addunyaa Itiyoophiyaan kan gaafatte qaamashee waan ta’eef Itiyoophiyaan ulaa galaanaa akka argattu deeggaruu akka qaban dubbataniiru.
Manni marichaa mooshinii deeggarsaa dhihaateef raggaaseera
Oct 28, 2025 225
Onkoloolessa 18/2018(TOI)-Manni maree bakka bu’oota ummataa mooshinii deeggarsaa kallattii xiyyeeffannoo mootummaa bara 2018 Fulbaana 26 bara 2018 pirezidaant Taayyee Atsqasillaaseen dhihaate raggaaseera. Manni maree bakka bu’oota ummataa 6ffaa bara hojii 5ffaa har’a bakka ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad argamanitti walgahii idilee lammaffaa taa’eera. Mooshinii pirezidaant taayyeen dhihaate ka’umsa godhachuun gaaffilee fi yaanni garagaraa miseensota mana mareerraa kan ka’an yoo ta’u ministirri muummee deebii fi ibsa kennaniiru. Manni marees mooshinii deeggarsaa dhihaateef raggaaseera.
Filannoon biyyaalessaa Toorbaffaan yeroosaatti nigaggeeffama – ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Oct 28, 2025 145
Onkoloolessa 18/2018(TOI)- Filannoon biyyaalessaa Toorbaffaan yeroosaatti akka gaggeeffamu ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsan. Walgahiin idilee lammaffaa bara hojii 5ffaa mana maree bakka bu’oota ummataa bakka ministrri muummee Dr. Abiyyi Ahimad argamanitti har’a gaggeeffameera. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad gaaffilee miseensota mana maree bakka bu’oota ummataarraa gaafatamaniif kennaniin, filannoon biyyaalessaa toorbaffaan filannoo biyyaalessaa jahaffaa caalaa kan fooyya’e ni ta’a jedhaniiru. Filannoon biyyaalessaa toorbaffaan yeroosaatti akka gaggeeffami ibsanii, sagaleewwan filannoo caalaatti filmaata ta’an filannoo Kana keessa akka galan ni eegama jedhaniiru. Kanaaf ammoo akka mootummaa fi paartiitti xiyyeeffannoon akka hojjetamu mirkaneessanii, kana raawwachiisuuf humni gahaan akka jiru dubbataniiru. Mootummaan filannoo kana gaggeessuuf humnaa fi qophii gahaa qaba kan jedhan ministirri muummee, filannoon biyyaalessaa toorbaffaan filannoowwan amma har’aatti Itiyoophiyaa keessatti gaggeeffaman caalaa fooyya’aa akka ta’u hin shakkamu jedhaniiru. Filannichi demokiraatawaa fi sagaleewwan garagaraa hedduu akka qabaatu itti gaafatamummaan ni hojjenna jedhaniiru. Nuyi akka paartiittis, akka mootummaattis qophoofneerra, paartileen morkattoottaas gamanumaa qophaa’uu qabu jedhaniiru. Kanaaf paartileen siyaasaa hundi filannichatti hirmaachuuf gamanumaa akka qophaa’an waamicha taasisaniiru.
Daandiin qofeessi Itiyoophiyaa keessatti barbaachisu aangoo karaa nagaatiin darbudha-ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Oct 28, 2025 165
Onkoloolessa 18/2018(TOI)-Daandiin qofeessi Itiyoophiyaa keessatti barbaachisu aangoo karaa nagaatiin darbudha jechuun hubachiisan ministirri muummee Dr.Abiyyi Ahimad. Manni maree bakka bu’oota ummataa wal gahii idilee lammaffaa bara hojii shanaffaa gaggeesserratti ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad gaaffillee miseensota mana maree bakka bu’oota ummataarraa gaafatamaniif deebii fi ibsa kennaniiru. Ibsa kennaniin, daandiin qofeessi Itiyoophiyaa keessatti barbaachisu aangoo karaa nagaan darbudha jedhaniiru. Biyyoonni guddina Itiyoophiyaa hin feene waraanaan akka nun mo’anne ni beeku, filmaanni qaban baandaa erguudha jechuun ibsan. Maalummaa Itiyoophiyaa kan hin beekne Baandaan keessaa ammoo diinatti michuun kaayyoosaanii kan milkeessan itti fakkaata kun gonkumaa milkaa’uu hin danda’u jedhaniiru. Daandiin qofeessi Itiyoophiyaa keessatti barbaachisu aangoo karaa nageenyaan darbudha kan jedhan ministirri muummee mootummaan qaamolee rakkoon jira jedhan waliin mari’achuun rakkoo jiru karaa nagaa furuuf ammallee balballisaa banaadha jedhaniiru. Daandiin qofeessi Itiyoophiyaa keessatti barbaachisu aangoo karaa nagaan darbudha jechuun hubachiisan ministirri muummee.
Dhimmi galaana diimaa gaaffii seera qabeessa, seens qabeessa, teessuma lafaa fi dinagdeeti jenneetu amanna-Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Oct 28, 2025 146
Onkoloolessa 18/2018(TOI)- Dhimmi galaana diimaa gaaffii seera qabeessa, seens qabeessa, teessuma lafaa fi dinagdeeti jenneetu amanna jedhan Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad. Barri hojii 5ffaa mana maree bakka bu’oota ummataa kan gaggeeffame yoo ta’u ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad gaaffilee miseensota mana mareerraa gaafatamaniif deebii fi ibsa kennaniiru. Galaana diimaa ilaalchisuun ibsa kennaniin dhimmi galaana gaaffii seera qabeessa, seena qabeessaa, teessuma lafaa fi gaaffii dinagdeeti jenneetu amanna jedhaniiru. Dhimma kana tasgabbiin ilaaluu barbaachisa kan jedhan ministirri muummee murtoo Itiyoophiyaan galaana diimaa akka dhabdu eenyu dabarse jennee yoo barbaannu dhaabbileen keessa hin galle jedhaniiru. Dhimma jiraachuu fi jiraachuu dhabuu ammana gahu kana eebyu akka murteesse gaafachuun sirrii ta’uu eeranii, Itiyoophiyaan itti cufamee jiraachuu hin dandeessu jechuun ibsaniiru. Olloota keenyatti himuu waanti barbaannu Itiyoophiyaan yeroo guddattu misooma riijinichaaf madda taati, waan barbaannu waliin guddachuudha jedhan ibsa kennaniin.

Hawaasummaa
Lammiileen Itiyoophiyaa miiliyoona 63 ta’an Inshuraansii fayyaa fayyadamaa jiru
Oct 28, 2025 185
Onkoloolessa 18/2018(TOI)- Lammiileen Itiyoophiyaa miiliyoona 63 ta’an Inshuraansii fayyaa fayyadamaaakka jiran ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsan. Walgahiin idilee lammaffaa bara hojii shanaffaa mana maree bakka bu’oota ummataa irratti miistirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsa kennaniiru. Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee Fulbaana 26 bara 2018 walgahii waloo mana maree lamaaniirratti haasaa baniinsaa taasisan ilaalchisuun ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad gaaffii miseensota mana mreerraa gaafatamaniif deebii fi ibsa kennaniiru. Ministirri muummee ibsa taasisaniin akka jedhanitti, bu’ura misoomaa fayyaa Itiyoophiyaa keessatti babal’isuuf hojjetamaa jira. Lammiileen Itiyoophiyaa miiliyoona 63 ta’an inshuraansii fayyaa fayyadamaa akka jiran ibsaniiru. Kunis lammiileen hedduun fayyadamaa tajaajila fayyaa akka ta’an gochuu ibsanii, hojiileen yeroo ammaa hojjetamaa jiran fuulduras ciminaan akka itti fufan dubbataniiru. Dhiheessii qorichaa ilaalchisee qoricha biyya alaarraa galfamu hir’isuu fi oomisha biyya keessaan bakka buusuuf yaaliin taasifamaa akka jiru dubbataniiru. Damee fayyaa bal’isuu fi fedhii tajaajila fayyaa ummataa guutuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Fakkeenyaaf Hoospitaalli qiddus Phaawuloosijaarsi bu’ura misoomaa siree kuma 1 qabu gochuusaa ibsanii, fuulduratti galteen barbaachisu guutameefii tajaajilaaf akka banamu ibsaniiru.
Hojiileen sirna haqaa fooyyessan cimanii itti ni fufu- ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Oct 28, 2025 100
Onkoloolessa 18/2018(TOI)- Hojiileen sirna haqaa fooyyessan cimanii akka itti fufan ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsan. Walgahiin idilee 2ffaa bara hojii 5ffaa mana maree bakka bu’oota ummataa 6ffaan ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad bakka argamanitti gaggeeffameera. Sirna haqaa ilaalchisuun gaaffii miseensota mana maree irraa ka’aniif ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsa kennaniin, mootummaan sirna haqaa ammayyeessuu fi fooyyessuuf hojjechaa jira jedhaniiru. Sirni haqaa bilisummaasaa akka eeguu fi sirna hojmaatasaa akka fooyyessu mootummaan hojiilee garagaraa kutannoon raawwachaa jiraachuu dubbataniiru. Hanqina dandeettii damee kanarratti mul’atu furuuf dandeettii ogeeyyotaa gabbisuu fi hojmaata teeknooloojii hubachiisuuf hojiiwwan eegalaman kan jajjabeeffamanidha jedhaniiru. Walumaa gala sirna haqaa fooyyessuuf fooyyessi hojmaataa manneen murtiin eegalaman guddaa kan jajjabeeffamanii fi cimanii kan itti fufan ta’uu ibsa isaaniitiin eeraniiru.
Bara bajataa kana baay’inni tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob 100’n gahuuf hojjetamaa jira – ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Oct 28, 2025 119
Onkoloolessa 18/2018(TOI)- Bara bajataa kana baay’inni tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob 100’n gahuuf hojjetamaa akka jiru ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsan. Bu’aa bahii kenniinsa tajaajilaa irratti mul’atu hir’isuuf kan eegalame tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob sadarkaa biyyaatti bal’achaa jira jedhaniiru. Yaadiin idilee lammaffaa bara hojii shanaffaa mana maree bakka bu’oota ummataa kan gaggeeffame yoo ta’u ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad gaaffilee miseensota mana maree bakka bu’ootarraa gaafatamaniif deebii fi ibsa kennaniiru. Ministirri muummee riifoormii dhaabbatummaa ilaalchisuun ibsa kennaniin, bu’aa bayii kenniinsa tajaajilaa hir’isuuf kan eegalame tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob sadarkaa biyyaatti bal’achaa jira. Yeroo ammaa wiirtuuwwan 18 tajaajila kennaa akka jiran dubbatanii, wiirtuuwwan sadii ammoo yeroo dhihootti hojii eegalu jedhamee akka eegamu ibsaniiru. Bara bajataa kana baay’ina kana 100’n gahuuf hojjetamaa akka jiru eeranii kunis kenniinsa tajaajilaarratti jijjiirama olaanaa akka fidu ni eegama jedhan ibsa kennaniin.
Hojiileen qulqullina barnootaa fooyyessanii fi dhaloota ijaaran hojjetamaa jiru – Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Oct 28, 2025 111
Onkoloolessa 18/2018(TOI)- Itiyoophiyaatti hojiileen qulqullina barnootaa fooyyessanii fi dhaloota ijaaran bal’inaan hojjetamaa akka jiran Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsann. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad har’a walgahii idilee lammaffaa bara hojii shanaffaa mana maree bakka bu’oota ummataa irratti argamuun gaaffilee fi yaada miseensota mana maree bakka bu’ootaarraa gaafatamaniif deebii fi ibsa kennaniiru. Ibsa kennaniin akka jedhanitti, qulqullina barnootaa eegsisuuf sadarkaa barumsaa gadiirraa eegaluun hojiileen dhaloota ijaaran hedduun hojjetamaa jiru. Kanneen keessaa gochoota naannawa manneen barnootaa jeeqan qulqulleessuu akkasumas pirojektii barnoonni dhalootaaf jedhuun hojiileen garagaraa hojjetamuu dubbataniiru. Qulqullina barusaa fiduuf leenjiiwwan dandeettii gabbisan garagaraa kennuun alatti barumsaa fi qorumsa kennuurratti jijjiiramni akka dhufu taasifamuu ibsaniiru. Manneen barumsaattis bakkeewwan ispoortii fi bashannanaa ijaaruun dhaloota fayyaalessa ijaaruun eegalamuusaa dubbataniiru. Bara barnootaa baranaas kitaaba barumsaa barnoota sadarkaa lammaffaa miiliyoona 43 caalu qoodamuusaa fi kunis qulqullina barumsaa fiduuf hojiilee hojjetaman keessaa ta’uu ibsaniiru. Soorata barattootaa ilaalchisuun hojiilee hawaasa fayyadan dinqisiisoo hojjechuun Itiyoophiyaa namni hundi hawwu akka taatu hojjetamaa akka jiru ibsaniiru.
Diinagdee
Misoomni Kooriidaraa magaalaa Amboo bifa haaraa fi miidhagaa ishee gonfachiiseera
Oct 30, 2025 4
Onkoloolessa 20/2018(TOI)-Misoomni Kooriidaraa magaalaa Ambootti hojjetame magaalattii bifa haaraa fi miidhagaa akka ishee gonfachiise Jiraattonni magaalatti dubbatan. Naannoo Oromiyaatti magaalota misoomni Kooriidaraa bal’inaan keessatti hojjetaman keessaa tokko magaalaa Ambooti. Jiraattonni magaalaa Amboo misooma Kooriidaraa magaalattitti hojjetaman ilaalchisuun TOI’n dubbise misoomni kooriidaraa bifa magaalattiin duraan qabdu jijjiiraa akka jiru dubbataniiru. Jiraataan magaalaa Amboo obbo Mangistuu Raggaasaa akka jedhanitti, Kooriidarichi osoo hin eegaliin dura daandiin muummee magaalaa Amboo Qaxxaamuree darbu tiraafikaa fi sochii namootaatiin kan muddame ture. Hojiin misooma Kooriidaraa erga eegalee sitti garuu daandiin waan bal’ateef konkolaattotaa fi namaaf haala mijataa uumuun alatti miidhaginni magaalattii dabaleera jedhan. Dargaggoonnis bakka bashannanaa fi itti boqotan argachuusaanii argachuusaanii dubbataniiru. Jiraataan magaalaa Amboo kan biraan obbo Mangee Tafarii,misoomni kooriidaraa magaalaa Amboo osoo hin eegalamiin dura balfi qarqara daandiirratti kuufame deemuuf rakkisaa ture jedhaniiru. Bakkeewwan balfaan guutamanii turan bakka bashannanaatti jijjiiramuusaanii dubbatanii, milkaa’ina misooma kooriidaraa kanaaf bulchiinsa magaalaa cinaa dhaabachuun deeggarsa taasisan akka itti fufan ibsaniiru. Misooma kooriidarii hojjetameen bakkeewwan qilleensa qulqulluun waan guutameef magaalattii jireenyaaf mijattuu fi qulqulluu godheera jechuun dubbataniiru. Dargaggoo Baayyisaa Taammiruu gamasaatiin, guddina biyyaa saffisiisuuf qoonni dargaggootaa guddaa ta’uu eeree, misoomni magaalattiitti gaggeeffamaa jiru akka saffisu hirmaannaa akka cimsu ibseera. Hojiin misooma kooriidaraa bifa magaalattii jijjiiruun turizimii fi invastimantiif mijattii akka taasisu ibsee, dargaggoota biroo waliin ta’uun amma hojiin misoomaa kun xumuramutti qoodasaa akka bahu mirkaneesseera.
Jiruu fi Jireenya Qonnaan Bulaa Ceessisuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu qaba-ministira muummmee Dr. Abiyyi Ahimad
Oct 30, 2025 15
Onkoloolessa 20/2018(TOI)- Haala jiruu fi jireeenya qonaan bulaa jijjiiruun Qonnaan Bulaa Ceessisuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabu Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad ibsan. Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Bahaatti sagantaa walitti qabuu oomisha midhaan gannaa fi jalqabsiisa hojii misooma qamadii bonaa irratti argamanii hojiiwwan misooma Qonnaa adda addaa daawwataniiru. Qonnaan bulaan yeroo ammaa qabeenya argachaa jiraachuu eeruu, Qonnaan bultoonni keenya maallaqa qaban fayyadamuun jireenya fooy’aa jiraachuu akka qaban Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad hubachiisaniiru. Qonnaan bulaan maallaqa argachaa jiraatus haalli jireenya isa hin fooyyofne jechuun, jiruu fi jireenya qonnaan bulaa ceessisuuf karoora qabame Kanaan namni gaafa mana ijaaru boroosaa keessatti Baawoo Gaazii, Soolaarii, Televiizyinii qabaachuu, mana ofiisaa fi saawwanii gargar baasuun jireenya isa fooyyessaa deemuu qabna jechuun ibaniiru. Qonnaan bultoonni humna qaban haala diizaayinii baheen manasaanii jijjiiraa deemuu qabu jechuun dhaamaniiru. Haalli jireenya Qonnaan Bulaa hin jijjiiramu taanaan wanti oyiruurratti hojjetamaa jiru qofaan gatii akka hin qabne ibsaniiru. Qonnaan bulaan qotee dadhabee maallaqa argatee baankii ka’uun qofti jireenyasaa kan hin jijjiirre ta’uu eeruun, qusannaa qofa osoo hin taane jireenya isaa fi jireenya ijoollee isaa fooyyesuu qaba jedhaniiru. Kaayyoon mootummaa inni guddaan jiruu fi jireenya ummata fooyyessuu akka ta’es eeraniiru. Yeroo amma kun hojiiraa oolaa jiraachuu eeruun Qonnaan bulaan qabeenya argateen jireenyasaa fooyyessuu qaba jechuun hubachiisaniiru.
Qonni Guddina Biyyaa keessaatti gahee guddaa kan bahu waan ta’eef hordoffii barbaada– Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad
Oct 30, 2025 13
Onkoloolessa 20/2018(TOI)- Qonni Guddina Biyyaa keessaatti gahee guddaa kan bahu waan ta’eef hordoffii barbaada jechuun ibsan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Bahaatti sagantaa walitti qabuu misooma midhaan gannaa fi jalqabsiisa hojii misooma qamadii bonaa irratti argamanii haasaa taassisaniiru. Itiyoophiya keessatti Omishtummaa guddisuuf haala mijataa uumameen Bonaa fi ganna qotamaa jira kan jedhan ministirri muummeen, hojii hojjetamuun qamadii qofa osoo hin taane Ruuzii, Boqqolloo fi Xaafiin babal’achaa jira jedhaniiru. Omishtummaan keenya yeroo gara yerootti ammuma guddachaa dhufu ijoolleen keenya hojii argatu, namn nyaatee bula, gurguratees buufata jedhaniiru. Qonnaan bulaan keenya osoo lafa, bishaanii fi humna qabuu kadhachuu hin qabu jechuun dubbataniiru. Qonni Guddina Biyyaa keessaatti gahee guddaa kan bahu waan ta’eef hordoffii fi deeggarsa barbaada jechuun ibsaniiru. Qonni kilaastaraa babal’achaa jiraachuu eeruun, ammas hojii kana cimsuun Qonnaan bultoonni kilaastaraan qotuun tiraaktaraa fi kombaayinara fayyadamuu akka danda’u gochuuf hojjechuu qabna jedhaniiru. Waggaa lamaa fi sadii booda yeroo xa’oo omishuu eegallu qorannoorratti hundaa’uun haala lafa keenyaaf mijatuun xaa’oo fayyadamnee omishtummaa keenya dachaan daballa jedhaniiru. Yeroo akkasii meeshaa ammayyaa Tiraaktara fi kombaayinara hin fayyadamnu taanaan callaan argannu harca’uu waan danda’uuf of qopheessuu qabna jechuun hubachiisaniiru. Lafa fi bishaan keenya sirriitti beekne madaallee yoo fayyadamne Ityoophiyaan nyaatan of-danda’uu qofa osoo hin taane isaa olitti gurgurtee fayyadamuufis ta’e kaan gargaaruuf haala mijaataa qabdi jedhaniiru. Yeroo ammaa akka Itiyoophiyaattis ta’e akka Oromiyaatti waanti hojjetamaa jiru abdii kan namatti horu jiraachuu eeruun, caalaatti hojjechuun murteessa ta’uu hubachiisaniiru.
Itiyoophiyaan cehumsa misoomaa olanaarratti argamti-Itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa
Oct 30, 2025 13
Onkoloolessa 20/2018(TOI)- Itiyoophiyaan cehumsa misoomaa olaanaarra akka jirtu naannoon Oromiyaa godinni Shawaa Bahaa ragaadha jechuun ibsan Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan ministira muummee godina Shawaa Bahaatti hojiilee mosooma qonnaa daawwataniiru. Daawwannaan booda ibsa kennaniin, qonnaan bultoonni naannawa sulula Qinxaamaa mul’ataan guutamanii hojjechaa, meekaanaayizeeshiniin babal’achaa, walitti hidhamiinsi gabaa sorooraa mootummaanis hooggansa ga’oomaa kennaa akka jiru ibsaniiru. Dhamaatii fi qindoominni kun hundi ga’umsisaa badhaadhina Itiyoophiyaa karoorfannedha jedhaniiru. Kombaayinaroonni hedduun bobba’anii midhaan haamaaf gahe walitti qabamaa, kana cinaattis misooma Qamadii bonaaf qophaa’aa akka jiru dubbataniiru. Bakkeen kun hanqina roobaa kan qabuu fi sululli Qinxaamaa kan keessa darbu yoo ta’u Seeftiineetiin gargaaramaa akka ture eeranii, yeroo ammaa garuu bishaan lafa keessaa fi laga Awaash naannawicha keessa darbutti fayyadamuun hojiileen misoomaa garagaraa hojjetamaa akka jiran dubbataniiru. Kun ammoo qonnaan bulaan keenya gargaaramuurraa gara oomishuutti jijjiiramaa akka jiru agarsiisa jedhaniiru. Gama biraatiin misooma Qamadiin alatti muuzii fi Paappaayaan kilaastaraan misoomaa akka jiru arguusaanii dubbataniiru. Yeroo ammaa qonnaan bulaan Qamadii dabalatee kuduraa fi muduraa kilaastaraan oomishaa jira, kun ammoo bayyanachuu Itiyoophiyaa fi badhaadhinni akka hin oolle kan mirkaneessudha jedhaniiru. Dameelee riifoormii man-dhalee filanne shan keessaa qonni isa tokko kan jedhan itti aanaan ministira muummee, hojiin qonnarratti hojjennu industirii oomishaaf galtee guddaa ta’a jedhaniiru. Kana cimsaa wayita deemnu carraan hiyyummaa jalaa bahuuf qabnu yeroo dhihootti akka mirkanaa’u agarsiisa jedhaniiru.
Saayinsii fi teeknooloojii
Itiyoophiyaa Keessatti dargaggoonni Miiliyoona 2 tuqaa 4 Leenjii Koodingi bilisaan fudhataniiru-Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad
Oct 28, 2025 134
Onkoloolessa18/2018(TOI)-Itiyoophiyaa Keessatti dargaggoonni Miiliyoona 2 tuqaa 4 Leenjii Koodingi bilisaan fudhachuu isaanii Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsan. Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad Manni Maree bakka bu’oota uummataa bara hojii waggaa 5ffaa yaa’ii Idilee 2ffaa wayita gaggeessu gaaffii fi yaada ka’aniif deebii fi ibsa kennaniiru. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Dijiitaalayizaashinii ilaalchisuun ibsa kennaniin Itiyoophiyaa keessatti dargaggoonni Miiliyoona 2 tuqaa4 leenjii koodingii bilisaa fudhataniiru jedhaniiru. Kunis lakkoofsa guddaa ta’uu eeruun Maamiltoonni Miiliyoona 93 fayyadamtoota tajajila Teelekoomii yoo ta’an lammiileen miiliyoona 55 fayyadamtoota mobaayil baankiingii ta’uu danda’aniiru jeechuun ibsaniiru. Kunis Itiyoophiyaa Dijiitaalayiz gochuuf hojiin eegalame yeroo gabaabaa keessatti jijiirama qabatamaa fidaa jiraachuusaas agarsiistuudha jechuun Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsaniiru.
Hojiin Dandeettii kalaqaa Guddattootaa fi Dargaggootaa dagaagsuuf eegalaman cimanii itti ni fufu
Oct 25, 2025 248
Onkoloolessa 15/2018(TOI)-Hojiiwwan damee hundaan lammii dorgomaa, gahoomee fi bu’aa qabeessa ta’e horachuuf dandeettii kalaqa dargaggootaa guddisuuf eegalaman cimanii akka itti fufan Ministirri hojii fi ogummaa Mufarihaat Kamiil ibsan. Bulchiinsi nageenya neetwoorkii odeeffannoo Yuunvarsiitii saaayinsii fi teekinooloojii Finfinnee waliin qindoomuun guddattootaa nageenya Saayibarii fi dameelee Kanaan wal qabataniin leenjise eebbisiiseera Saganticharratti Ministirri hojii fi ogummaa Mufarihaat Kamiil, Ministirri nageenyaa Mahaammad Idiriis, De’eetaa Ministira tajaajila Komunikeeshinii Mootummaa Tasfaahun Gaobazaay, Daarektarri Olaanaan Bulchiinsa Nageenya neetwoorkii Odeeffannoo Tigisti Hamiid, pirezidaantiin Yuunvarsiitii Saayinsii fi Teekiniooloji Finfinnee Dr.Darajjee Ingidaaw fi qondaaltonni olaanoo biroon argamaniiru. Ministirri hojii fi kalaqaa Mufarihaat Kamiil wayita kan akka jedhanitti, bara dijiitaalaatti dandeettii yeroon gaafatu fi beekumsa fi lammii leenji’e horachuun guddina biyyaaf murteessaa ta’uu cimsanii ibsaniiru. Birmadummaa guutuu Mirkaneessuf dargaggoota nageenya saayibarii fi beekumsa teekinooloojii yeroon gaafatu hidhatan itti fufinsaan leenjisuu fi hojiitti galchaa jiraachuu eeraniiru. Damee hundaan hojii bu’aa qabeessa hojjechuuf misooma qabeenya namaan keessumaa dandeettii dargaggoota kennaa addaa qaban dagaagsuuf hojiin eegalaman cimanii itti fufu jedhaniiru. Daarektarri Olaanaan Bulchiinsa Nageenya neetwoorkii Odeeffannoo Tigisti Hamiid gama saaniin, Itiyoophiyaan Cehumsa gara dijiitaalaatti taassisaa jirtuun humni namaa damee nageenya saayibariin gahoome murteessaadha jedhaniiru. Kaayyoo guddaan Taalentii saayibarii samar kaampii guddattootaa fi dargaggoota damichaan kennaa addaa qaban dandeettiisaanii guddisuunii fi damichaan biyyaaf qoodasaanii akka bahan taassisuu danda’uuf ta’uu ibsaniiru. Nageenya saayibarii biyyoolessaa eegsisuuf Bulchiinsichi xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu eeruun, humna namaa beekumsaa fi dandeettii yeroon gaafatu horachuuf leenjiin saayibar taalentii kan deeggaru ta’uu eeraniiru.
Bakkeewwan biyyattii bonni yeroo roobaa lammaffaa isaanii ta’e guyyoota kudhan dhufan rooba xiqqaarraa amma jiddugaleessaa ni argatu
Oct 22, 2025 427
Onkoloolessa 12/2018 (TOI)-Bakkeewwan biyyattii bonni yeroo roobaa lammaffaa isaanii ta’e guyyoota kudhan dhufan rooba xiqqaarraa amma jiddugaleessaa akka argatan inistiitiyuutiin Miitiwoorooloojii Itiyoophiyaa beeksise. Inistiitiyuutichi ibsa TOI’f ergeen akka beeksisetti, kutaalee biyyattii Kanaan dura rooba gannaa argachaa turan kutaaleen biyyaa Lixaa fi kibba lixaa rooba itti fufaa ni argatu. Gama buraatiin kutaalee biyyattii Kaabaa lixaa fi Kaabaatti roobba hin eegamne xiqqaa akka argatan odeeffannoowwan Miitiwoorooloojii ni mul’isu jedheera. Baaroo Akooboon, Oomoo, Gibe, sululli qinxaamaa jiddu galeessaa fi gadii, Gannaalee Daawwaa gubbaa fi jiddu galeessaa, Waabii Shabalee gadii fi jiddugaleessa, Ogaadiin gadii, abbayyi gadii fi Takazeen gadii jiidha jiddugaleessaa akka argatan ibsicha keessatti eerameera.
Hojmaattonni Innooveeshinii Utubaa Misooma Afriikaa gochuuf dandeessisan hojiirra oolaa jiru– Gamtaa Afriikaa
Oct 22, 2025 281
Onkoloolessa 12/2018(TOI)- Gamtaan Afriikaa Hojmaattota Innoveeshinii Afriikaaf motora hammataa fi misooma fulla’aa gochuuf dandeessisan hojiirra oolchaa akka jiru beeksise. Gamtaan Afriikaa festivaala Innooveeshinii teessoo Muummicha Gamtaa Afrikaa Magaalaa Finfinneetti har’aa eegalee ni gaggeeffama. Festivaalichi mataduree “Gamtaan Afriikaa dargaggoota dursitoota Innooveeshinii Ardii gochuu ”jedhuun gaggeeffamaa jira. Innooveeteroonni, Imaammata baastonni, hoggantoonni Dameelee dhuunfaa fi bakka bu’oonni dargaggootaa feestivaalicharratti ni hirmaatau. Taateen kun furmaata man-dhaalee Innooveeshiniif beekamtii kennuun hojicha caalaatti guddisuurratti xiyyeeffannoo godhateera. Sammuun Afrikaa Qaroome dhiheessii faayinaansiin, dandeettii yeroon gaafatuu fi carraawwan waliin walquunnamsiisuun hojii Innooveeshinii guddisuun faayidaansaa olaanaa ta’uun ibsameera. Gamtaan Afriikaa furmaanni innoveeshinii Ardichatti hojjetame deeggarsa gochuun fi hojiilee innoveeshinii dargaggootaan durfamuuf haala mijataa uumuuf hojjechaa akka jiru beeksiseera. Gamtichatti karaa sagantaa Dijiitaalaa fi Innooveeshinii dargaggoonni innoveetaroonni biyyoota Afriikaarraa dhufan 18 kutaalee hojii dhaabbatichaa garagaraa keessatti bobbaasuun furmaata qormaata oppireeshiniif qorataman akka kennan gochaa akka jiru ibseera. Saganticha kan deeggaran mana yaalii innooveetaroota Gamtaa Afriikaa hundeessuun humna innooveeshinii dhaabbataa hundeessuu fi tumsa cimsuuf fayyadamaa jiraachuu beeksiseera. Lammiileen karaa Fandii teekinooloojiin Innooveetaroota15 lammiileen Immaamta bocuu keessatti hirmaannaa qaban furmaata guddisan akka dhiheessan deeggarsa Faayinansii fi teeknikaa taassisaa jira. Dabalaanis Gamtaan Afriikaa innooveetaroota shamarranii Umriinsaanii waggaa 15 hanga 25 ta’e rakkoowwan Hawaasummaa fi Diinagdee Ardicha keessa jiru, filannoowwan Dijiitaalaa fi Teekinooloojiin akka furamaniif Innisheetivii deeggarsa teeknikaa fi maallaqaa hojiirra oolchaa jira. Kunis hirmaannaa Sirna saalaa bu’uura kan godhate kalqni teekinooloojii akka guddataniif kan dandeessisu ta’uu Odeeffanno TOI’n Gamticharraa argate mul’isa. Gamtichi galma Ajandaa Innooveeshinii 2063 milkeessuu fi hunda hirmaachisaa fi misooma fulla’aa mirkaneessuuf kallatti mul’ataa akka ta’uuf hojjechaa jiraachuu ibseera. Festivaalli Innooveeshinii hanga Onkoloolessa 24 bara 2018 ni tura.
Ispoortii
Madin Itiyoophiyaan har’a Piiraamidii Gibtsii waliin taphasaanii gaggeessa
Oct 30, 2025 17
Onkoloolessa20/2018(TOI)-Madin Itiyoophiyaan shaampiyoonsii liigii “CAF” marsaa 2ffaa har’a injifataasaa wayita sanaa Piiraamidii Gibtsii waliin taphasaa ni gaggeessa. Taphni Gareewwan Lameenii galgala sa’aatii12:00kaayirootti kan argamu Istaadiyeemii June 30 er diffeensitti gaggeeffama. Kilaboonni kun Onkoloolessa16 bara2018 tapha marsaa jalqabaa gaggeessaniin tokko gitaan addaan bahaniiru. Burk Mulgeetaa Madin Itiyoophiyaaf, Fiisten Mayelee piraamidiif goolii kan lakkoofsisanidha. Madin Itiyoophiyaan tapha deebi’aa yoo injifate gara garee shaampiyoonsi liigii CAF tti ,makama. Madin bara kana shaampiyoonsi liigii CAF irratti yeroo jalqabaaf hirmaachuusaati. Garichi seenaasaa keessatti piriimer liigii Itiyoophiyaa yeroo jalqabaaf injifachuun carraa dorgommii Ardiirratti hirmaatu akka argatuuf dandeessiseera. Kilabiin Gibtsi Piiraamid abbaa waancaa Shaampiyoonsi liigii CAFti. Kilabichi waancaa mo’attoota waancaa CAF injifateera.
Waancaa Karabaa’oof har’a tapha nuusa xumuraaf taphoonni murteessoon ni gaggeeffamu
Oct 29, 2025 142
Onkoloolessa19/2018(TOI)- Ingiliz Karabaa’oo Kaappitti marsaa 4ffaa oolmaa guyyaa 2ffaan taphoonni shan ni gaggeeffamu. Injifataan dorgamaa wakticha Niwukaastilyuunaayitid waliin galgala sa’aatii 5:00 Istaadiyeemii Sentijeemsi Parkiitti, Tootenihaam hotispersin keessummeessa. NiwuukaastilYuunayitidiin bara darbe xumura Waancaa Karabaa’oon Liiverpuuliin injifachuun waancicha yeroo jalqabaaf fudhachuunsaa ni yaadatama. Tootenihaam hotispersi dorgommicha yeroo 4 Injifateera. Marsa sadaffaan Niwukaastil biraadfordisiitiin, Tootinihaam hotispersi doonkaaster roversiin injifateera. Sagantaawwan biroon Arsenaal Biraayiten waliin , Liiverpuul kiristaal paalas waliin ,Siwinsi siitiin Maanchisteer siitii fi wolvis chelsii waliin haala wal fakkaatuun sa’aatii 4:45 taphasaanii gaggeessu. Taphi waanchaa Karabaa’oo kaleessa eegale sagantaa marsaa 4ffaan taphoota har’a gaggeeffamaniin xumurama. Bireentiford ,Fuulhaamii fi Kaardiif siitiin dorgommii xumuraa nuusaaf kilaboota darbanidha. A.L.A Bara 1960 Kan Eegale Taphni Waancaa karabaa’oo (maqaa waamicha duriin waancaa kubbaa miilaa Ingliz ) Ingilizitti FCAP jalqabaa dorgommi mo’anii darbuu Alaati. Liiverpuul yeroo 10 waancaa kaasun kilabii milkaa’aa dorgommichaati . Manchisteersiitiin 8 fi maanchisteer yuunayitid yeroo ja’aa dorgamocha injifachuun hordofu.
Piriimer Liigii Itiyoophiyaatti har’a taphoonni sadii gaggeeffamu
Oct 29, 2025 125
Onkoloolessa19/2018(TOI)- Piriimer liigii Itiyoophiyaa torban 2ffaan oolmaasaa guyyaa lamaan taphoonni sadii ni gaggeeffamu. Gareen guddaattuun Nagellee Arsii Qiddus Goorgis guyyaa sa’aatii10:00 Istaadiyeemii Magaalaa Finfinneetti taphatu. Negellee Arsiin hanga ammaatti tapha liigichatti gaggeesseen qabxii tokkoon sadarkaa 15ffaa qabateera. Liigichatti Injifataan yeroo 16ffaa Qiddus goorgis , tapha tokko gaggeesseen qabxii sadii fiduun sagantaa sirreeffamaa tokko jijiiruun sadarkaa 9ffaa irratti argama. Gareen Magaalaan Hawaasaa, walaayittaa Diichaa waliin guyyaa sa’atii 9:00 Istaadiyeemii Hawaasaatti taphasaanii gaggeessu. Magaalaan Hawaasaa qabxii sadiin sadarkaa 8ffaa, walaayittaa diichaan qabxii tokko malee sadarkaa dhumaa 20ffaarra taa’eera. Faasil kanamaan, Buna Sidaamaa waliin Istaadiyeemii Yuunvarsiitii Hawaasaatti Galgala sa’aatii 12:00 ni taphatu Faasil kanamaan qabxii 4n sadarkaa 4ffaa, Bunni Sidaamaa qabxii 6n sadarkaa 3ffaa qabateera. Bunni Sidaamaa yoo Injifate dursummaa liigichaa irra deebiin fudhata. Madin Itiyoophiyaan Magaalaa Shaggar waliin Tapha torban 3ffaa gaggeessuuf turan Madin Shaampiyoonsi liigii kaafitti Piraamidis waliin sababa tapha irra deebii marsaa lammaffaa taassisuun yeroo hin murtoofneef dheerachuusaa Waldaan Aksiiyoona Liigichaa Beeksiseera.
Taphni Piriimer liigii Ityoophiyaa torban sadaffaan har’a eegala
Oct 28, 2025 103
Onkoloolessa18/2018(TOI)- Piriimerliigii Itiyoophiyaatti sagantaan torban 3ffaa har’aa eegalee gaggeeffama . Humni Ibsaa Ityoophiyaa Magaala Aarbaaminici waliin Guyyaa keessaa sa’aatii 7:00 Istaadiyeemii Magaalaa Finfinneetti taphatama. Humni Ibsaa Itiyoophiyaa qabxii Afuriin sadarkaa 5ffaa,Magaalaan Aarbaaminci qabxii lamaan sadarkaa 11ffaa qabateera. Kilaboonni lameen bara 2017 taphoota lama liigichatti walii waliin gaggeessaniin haala wal fakkaatuun yeroo tokko mo’eera . Magaalan Baahirdar Buna Itiyoohiyaa waliin guyyaa keessaa sa’aatii 10:00 Istaadiyeemii Magaalaa Finfinneetti taphatan sagantaawwan torbanii eeggaman keessaatti argama. Liigichatti Magaalaan Baahirdaar qabxii 4n sadarkaa 2ffaa yeroo qabatu Bunni Itiyoophiyaa qabxii sadiin sadarkaa 9ffa argama. Istaadiyeemii Yuunvarsiitii Hawaasaatti guyyaa sa’aatii 9:00 Midire Gannet Shireen Yuunvarsiitii Walwalo addagitraat waliin taphasaanii gaggeessu. Midiregannat shireen qabxii 4 sadarkaa 6ffaa, yuunvarsitiin walwaloo addagiraat qabxii tokko malee sadarkaa dhumaa qabateera. Baankiin daldala Itiyoophiyaa machaal waliin galgala sa’aatii12:00 taphasanii gaggeessu. Injifatan liigichaa bara 2016 Baankiin Daldala Itiyoophiyaa qabxii lamaan sadarkaa 12ffaarratti argama. Machaal qabxii Afuriin sadarkaa 4ffaa qabateera. Piriimer liigii Itiyoophiyaatti sagantaan torban 3ffaan hanga onkoloolessa 20 bara 2018 ni tura.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Tattaaffiin Itiyophiyaan Balaa Lolaa Ittisuuf taasistu Balaa lolaa bu’uurarraa hir’isuuf murteessaadha
Oct 24, 2025 380
Onkoloolessa14/2018(TOI)-Tattaaffiin Itiyophiyaan Balaa qophii Lolaa Ittisuuf taassistu Balaa lolaa bu’uurarraa hir’isuuf qooda murteessaa qabaachuu Ministirri Bishaanii fi Inarjii Dr. Injiinar Habtaamuu Ittafaa ibsan. Ministeerri Bishaanii fi Inarjii balaa lolaa Oomoo Gibee fi Sululawwan qinxaamaatti uumamu bu’uurarraa ittisuuf kan dandeessisu qorannoo suluulaa gaggeessuuf (Basin Level Study) dhaabbata Idil-Addunyaa(SWS) waliin sanada walii galtee mallateessaniiru. Ministirri Bishaanii fi Inarjii Dr. Injiinar Habtaamuu Ittafaa fi hojii gaggeessaa fi gorsaan abbaa dhaabbata Idil-Addunyaa (SWS) Jaayan Kaarloo waliigalticha mallatteessaniiru. Ministirrichi Dr. Injiinar Habtaamuu Ittafaa wayita kana akka jedhanitti, Lolaan Qonnaa fi midhaan, Bu’uuraalee misoomaa Murteessoorratti, qabeenyawwan biroo fi jireenya namaarratti miidhaa geessisuuf furmaata waaraa fi saayinsaawaa barbaaduu qabna jedhaniiru. Balaa lolaa ittisuun kallattii xiiyyeeffannoo biyyoolessaa Mootumma ta’uu kaasuun, waggoottan sadan darban bakkeewwan biyyattii adda addaatti balaa lolaa uumaman itttisuuf hojiin bu’aa qabeessi hojjetameera jedhaniiru. Balaa lolaa ittisuuf Baankii Addunyaa waliin hojiin bal’aan hojjetamuu ibsuun, waliigalteen har’aa qophii Itiyoophiyaan balaa lolaa ittisuu gara Boqonnaa olaanaatti kan ceessisu ta’uu ibsaniiru. Oomoo Gibee fi sulula Qinxaamaatti Sadarkaa Qorannoo suluulaa taassifamu balaa lolaa bu’uurarraa hir’isuuf qooda murteessaa akka qabaatu dubbataniiru. Bal’inni Diizaayinii qorannichaa fi hojiiwwan ijaarsaaf galtee murteessaa kan ta’u yaadota furmaata gadi fagoo saayinsaawaa ta’e akka dhiheessus ibsaniiru. Hojii Gaggeessaa fi gorsaan abbaa dhaabbata Idil-Addunyaa (SWS) Jaayan Kaarloo gamasaaniin, furmaata balaa lollaa hir’isuuf dandeessisan barbaaduuf cimanii akka hojjetan dubbataniiru. Gorsaan abbaa dhaabbata Idil-Addunyaa (SWS) Qorannicha turtii yeroo waggaa tokko keessatti akka xumuru ibsaniiru.
Inisheetiiviin Magaalaa Harar balfa pilaastikiirraa bilisoomsuuf jalqabame beekamtii idil addunyaa argate
Oct 23, 2025 269
Onkoloolessa 13/2018(TOI)- Inisheetiiviin Magaalaa Harar balfa pilaastikiirraa bilisoomsuuf jalqabame foramii dinagdee addunyaan beekamtii idil addunyaa argateera. Beekamtiin kun kan kenname Kiyuubiik Itiyoophiyaa waliin ta’uun magaalaa Harar balfa Pilaastikiirraa bilisoomsuuf hojmaata qindaa’aa jalqabameen bu’aa argameef ta’uu hoogganaan biiroo komunikeeshinii naannoo Hararii Heenook Mulunaa dubbataniiru. Beekamtiin kun kennamuun duratti magaalaa Harar balfa pilaastikaarraa qulqulleessuun pilaastikoota tajaajila kennan irra deebi’uun faayidaaf oolchuuf haalli dandeessisu jiraachuu gamaaggamamuu eeraniiru. Inisheetiivichi dubartootaa fi dargaggootaaf carraa hojii uuuusaa gamaaggama Kanaan kaafamuu isaa obbo Heenook dubbataniiru. Magaalaa Harar balfa pilaastikiirraa bilisa gochuu fi balfa pilaastikii irra deebi’uun fayyadamuun gatii xiqqaan mana jireenyaa ijaaruuf Kiyuubiik Itiyoophiyaa fi Itiyoophiyaa jidduutti akka lakk. Faranjootaatti Ebla 2024 waliigalteen mallatteeffamuu dubbataniiru. Hojiin eegalaman cimanii akka itti fufan mirkaneessaniiru.
Oomishtummaa guddisuuf biqiltuuwwan ashaaraa magariisaan dhaabaman kunuunsuu fi eegumsa biyyoo fi bishaanii cimsuu barbaachisa
Oct 18, 2025 461
Onkoloolessa 8/2018(TOI)- Oomishtummaa guddisuuf biqiltuuwwan ashaaraa magariisaan dhaabaman kunuunsuu fi eegumsa biyyoo fi bishaanii cimsuua akka barbaachisu ibsame. Torban Sosochii kunuunsa qabeenya uumamaa naannoo Oromiyaa godina Shawaa Bahaa aanaa Lumeetti har’a eegalameera. Hoogganaan biiroo qonnaa Oromiyaa obbo Geetuu Gammachuu wayita kana akka jedhanitti, hojiiwwan kunuunsa biyyoo fi bishaanii waggoottan jijjiiramaa darban naanichatti hojjetaman oomishnii fi oomishtummaan akka dabalu, ongee fi balaa lolaa qolachuuf gargaaraniiru. Keessumaa hojiin kunuunsa biqiltoota ashaaraa magariisaan dhaabamaniif tasifamu dhiibbaa jijjiirama qilleensaa damdamachuu fi lafti qullaatti hafe akka bayyanatu, haroowwan, lageen gogan deebi’anii jallisii fi misooma garagaraaf akka oolan haala mijataa uumuu ibsaniiru. Misooma sululaa baatii bonaa ijaaraman biqiltuu ashaaraa magariisaan haguuguun fi kunuunsuun bu’aan argamuus kaasaniiru. Hojii kana fullaasuuf turban sosochii kunuunsa biqiltuu labsuun guyyaa har’aa hooggantoonnii fi hojjettoonni damee qonnaa naannichaa godina Shawaa bahaatti eegalchiisuusaanii eeraniiru. Kunuunsa biqiltuu Kanaan aramuu, qofforuu fi bishaan obaasuun biqiltuuwwan baatii bonaa akka damdamatan hojjechuu barbaachisa jedhaniiru. Sagantaa jalqabsiisa sosochii irratti kan hirmaatan Kadir Mahaammad yaada kennaniin, biqiltuuwwan waggoottan sadan dhaabaman kunuunsuun akka guddatan gochuusaanii ibsaniiru. Biqiltuu dhaabuun qofti galma waan hintaaneef yeroo yeroon kunuunsuun bu’aaf geessisuu qabna jedhaniiru. Zarfee Maammoo gamasheetiin, dhiibbaa jijjiirama qilleensaatiin adda durummaan kan miidhaman dubartoota waan ta’aniif furmaata kanaaf kan ta’u waggoottan toorba darban biqiltuu dhaabuu fi kunuunsuurratti hirmaachuusaanii dubbataniru.
Itiyoophiyaan misooma magariisaan carraa hojii uumuurratti hojii bu’a qabeessa raawwachaa jirti
Oct 16, 2025 460
Onkoloolessa 6/2018(TOI)-Itiyoophiyaanmisooma magariisaaf xiyyeeffannoo guddaa kennuun eegumsa naannoon alatti carraa hojii olaanaa uumuun Afriikaatti hojii adda duree hojjechaa akka jirtu ibsame. Kun kan ibsame waltajjii qo’annoon inistiitiyuutii qo’annoo imaammataa mata duree “carraalee hojii magariisaa fi dargaggoota”jedhuun qo’atame qooda fudhattoonni garagaraa argaman ifoomerrattidha. Pirezidaantiin waldaa oogeessota Ikonomiksii Itiyoophitaa fi dursaan qo’annichaa Piroofeesar Xaasoo Waldahaannaa akka ibsanitti, carraan hojii misooma magariisaan uumamu fulla’insa naannawaa mirkaneessuun gamatti dargaggootaaf carraa hojii olaanaa uumuu irratti qooda murteessaa qaba. Fuulduratti carraa hojii misooma magariisaan uumamu sektaroota hunda keessatti bal’isuun fayyadama carraa hojii dargaggootaa mirkaneessuu akkasumas misooma magariisaa caalaatti guddisuun akka barbaachisu ibsaniiru. Kanaaf keessumaa leenjiiwwan damee teekniikaa fi ogummaan carraa hojii uuman xiyyeeffannoo barbaachisu akka argatan akkasumas imaammattoota keessatti xiyyeeffannoon addaa akka kennamuuf gochuun jajjabaachuu akka qaban dubbataniiru. Itti aanaan daarektara muummee inistiitiyuutii qo’annoo imaammataa Allebal Dasee gamasaaniin, qo’annoon kun tarsiimoowwan guddina magariisaa Itiyoophiyaa karoora bobbii hojii dargaggootaa akka deeggaru eeraniiru. Argannoowwan gara imaammattootaa fi sagantaawwan qabatamaatti akka hiikaman waajjiraalee mootummaa dhimmi ilaaluu fi deeggartoota misoomaa waliin fuulduratti akka irratti hojjetamu dubbataniiru. Inistiitiyuutichi leenjii ogummaa hojiilee magariisaa eegumsa naannoo cimsu irratti xiyyeeffannaan hojjechaa akka jiru kan ibsan ammoo inistiitiyuutii leenjii teekiniikaa fi ogummaa federaalaatti daarektarri dhimmoota Akkaadaamiikii Dr. Gannanaa Abbabaati. Fuulduras hojii magariisaa caalaatti babal’isuuf keessumaa waajjiraalee qacartootaa fi dhaabbilee biroorratti hojii hubannoo cimsuun nibarbaachisa jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifama
Dec 7, 2024 8305
Sadaasa 27/2017(TOI) - Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu Humni Elektiriikii Itoophiyaa beeksise. Har'a galgala kana tasgabbii dhabuu sistamaatiin rakkoo mudateen guutuu biyyattiitti humni elektirikii addaan citeera. Rakkoo kana hiikuufi humnicha deebisuuf buufatalee maddoota humnaafi raabsaatti tattaaffiin olaanaa taasifamaa jira. Rakkoo umame Humni Elektiriikii Itoophiyaa hiikee hanga bakkasaatti deebisutti obsaan akka nu eegdan kabajaan gaafachaa, odeeffannoowwan jiran hatattaamaan kan isiniin biraan geenyu ta'a jechuun Tajaajilli Elektiriikii Itoophiy karaa miidiyaa hawaasummaa isaa beeksiseera.
Hoggantoonni hojii bulchiinsa magaalaa Finfinnee balaa Ibiddaa Markaatoo naannaawwa Shammaa taraa jedhamutti mudateen miidhaa qaqqabe daawwata.
Oct 22, 2024 6660
Onkoloolessa 12/2017(TOI) - Hoggantoonni hojii bulchiinsa magaalaa Finfinnee balaa Ibiddaa Markaatoo naannaawwa Shammaa taraa jedhamutti mudateen miidhaa qabeenyarra gahee bakkatti argamuun ilaalaniiru. Paartii Badhaadhinaatti hogganaan damee wajjira Finfinnee obbo Mogas Baalchaa wayita kana akka himanitti; gamoo balaan ibiddaa irratti mudatee qaama isaa gar tokko balaa kanarraa baraaruun danda'ameera. Kutaaleen hawaasaa fi qaamoleen nageenyaa karaa qindaa'een balaa kana to'achuu fi balaan kun gara biraatti akka hin babal'anneef hojii hojjetaniif galateeffataniiru. Bulchiinsi magaalichaa balaa ibiddaa mudate kanaan kanneen miidhaman deebisee dhaabuuf xiyyeeffannoon akka hojjetu obbo Mogos Baalchaa ibsuu isaanii Odeeffannoon Waajjira Kantiibaarra argame ni mul'isa.