Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Tajaajilli qorannoo fi hawaasaa Yunivarsiitichi gaggeessu hawaasa naannawichaa gargaaraa jira
Sep 21, 2026 176
Fulbaana 11/2019 (ENA)- Tajaajilli qorannoo fi hawaasaa Yunivarsiitiin Madda Walaabuu gaggeessu hawaasa naannawichaa gargaaraa jiraachuu pirezidaantiin Yunivarsiitichaa Dr. Biraanamasqal Xannaa ibsan. Yunivarsiitichi yaad-rimeewwan qorannoo fi misooma hawaasaa mata-duree ijoo irratti xiyyeeffatan kan qoratu workshopii ijaarsa dandeettii gaggeessaa jira. Pirezidaantiin Yunivarsiitichaa Dr. Biraanamasqal Xannaa akka jedhanitti, Yunivarsiitichi hojii baruu fi barsiisuu cinaatti qorannoowwan rakkoo hawaasaaf furmaata ta’u jedhu gaggeessaa jira. Xiyyeeffannoon qorannoo yunivarsiitichi gaggeessuu wiirtuu ga’oomaa kan ta’an qonna, fayyaa, turizimii, sirna ikoo fi eegumsa uumamaarratti ta’uu dabalanii ibsaniiru. Hayyoonni Yunivarsiitichaa tajaajiloota qorannoo fi hawaasaa waggoottan darban gaggeessaniin fayyadama hunda galeessa lammiilee hedduu kan mirkaneessan bu’aaleen guddaan argamuusaanii ibsaniiru. Keessumaa gama qonnaatiin hojmaata kilaastaraa, waldhaansa kaansarii fi hawaasa hubannoo qabsiisuun hojii hojjrtameen jijjiiramni qabatamaa galmaa’uu wabeeffataniiru. Tajaajiloonni qorannoo fi hawaasaa rakkoo ummataa furuu akka danda’an qorattootaa fi gamaaggamtootaaf leenjiin gabbisa dandeettii itti fufiinsaan kennamaa jiru cimee akka itti fufu pirezidaantichi dubbataniiru. Itti aanaan pirezidaantii akkaadaamikii, qorannoo fi cehumsa teeknooloojii Yunivarsiitichaa Dr. Bazzaabih Wandimmuu workishooppiin gabbisa dandeettii kun rakkoolee gama qorannootiin jiran adda baasuudhaan qorannoo dhiibbaa bu’aa fooyya’aa Fidan gaggeessuuf akka gargaaru ibsaniiru. Hojiiwwan misooma hawaasaa irratti xiyyeeffatan keessatti qophii yaad-rimeewwanii fi haala qabatamaa addunyaa irratti hubannoo gahaa akka argatan ibsaniiru. Hayyoonni Yunivarsiitichaa bara bajataa 2018 dameewwan xiyyeeffannoo garagaraa irratti xiyyeeffatan qorannoowwan 24 ol gaggeessuusaanii eeraniiru. Bara bajataa kana ammoo yaad-rimeewwan qorannoo 96 gamaaggamaaf dhihaachuusaanii dubbataniiru.
Omishaa fi Oomishtummaa Bunaa guddisuun bu’aawwan   qabatamaa argaman 
Sep 21, 2026 152
  Fulbaana 11/2019 (ENA): Tarkaanfiileen jijjiiramaa damee bunaan hojiirra oolan omishaa fi oomishtummaa bunaa guddisuun bu’aa qabatamaan akka galmaa’an dandeesisuu Abbaan Taayitaa Bunaa fi Shaayii Itoophiyaa ibseera. Adeemsa gabaa bunaa gababsuu fi hojiileen qulqullina irratti hojjetaman galii buna irraa argamu akka dabalaluuf bu’uura kaa’uusaa Abbaan Taayitichaa hubachiiseera. Daarektarri Abbaa Taayitaa Bunaa fi Shaayii Itoophiyaa Dr. Addunyaa Dabalaa, ENA waliin turtii taasisaniin akka ibsanitti Itoophiyaan damee bunaan tooftaawwan haarawaan hojii hojjetteen bu’aa qabatamaa galmeesisaa jiraachuu ibsaniiru.   Fakkeenyaaf, bara bajataa 2018 xumurame keessatti doolaara biliyoona 3 argachuuf karoorfamee, doolaarri biliyoona 3.13 argamuusaa fi kunis karoora ol ta'uusaa daarektarri olaanaan kun ibsaniiru. Bunni sadarkaan isaanii gadi aanaa ta'an sirna gabaa irraa akka ba'an taasifamuusaa ibsuun, Buna Koomershaalaa gara Buna Ispeeshaaliitti akka ol guddatu taasisuun gabaa addunyaa irratti dorgomaa ta'anii turuun akka danda'ame dubbataniiru. Qonnaan bulaan kallattiin buna gara alaatti akka erganiif hojmaanni jajjabeessu diriiruusaa ibsuun, kanneen kallattiin gara alaatti erguu hin dandeenye immoo Al-ergitootaaf qindeessuun haalli itti dhiheessuu danda'an mijachuusaa eeraniiru. Kunis adeemsa gabaa gabaabsuu akka dandeessise eeranii, adeemsa kanaan oomisha qisaasa'u hir'isuun bu'aan argamuusaa dubbataniiru. Galiin Buna irraa argamu sharafa alaa dabaluu irratti shoora gaarii gumachaa jiraachuusaa dubbataniiru. Akkasumas sagantaan 'Ashaaraa Magariisaan ' omishaa fi oomishtummaa bunaa guddisuu irratti shoora guddaa gumachaa akka jiru ibsaniiru. Waggaa shan dura waggaatti bunni oomishamu toonii kuma 500 akka hin caalle kan ibsan, Dr. Addunyaan bara bajataa xumurame keessa bunni meetriktoonii miiliyoona 1tuqaa 5 oomishamuusaa eeraniiru. Bara bajataa 2019 oomisha bunaa gara alaatti ergamu irraa galii doolaara biliyoona 4 tuqaa 1 argachuuf karoorfamuusaa ibsaniiru. Karoora kana milkeessuufis qophiin barbaachisu taasifamee gara hojiitti galamuusaa daarektarri olaanaan kun ibsanii, dhimmi bakka gahumsa gabaa babal’isuu xiyyeeffannoo addaatiin irratti hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Yeroo ammaa kana biyyoonni 66 ta'an Buna Itoophiyaa fudhachaa jiraachuu isaanii eeranii , Imbaasiiwwan fi qoonsilaawwan Itoophiyaa biyyoota adda addaa keessatti argaman Buna Itoophiyaa beeksisuu irratti hojii jajjabeessaa hojjechaa akka jiran dubbataniiru.
Abbaan taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa televizhinii Tigraayi dhorke
Sep 21, 2026 217
Fulbaana 11/2019 (ENA)- Abbaan taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa televizhinii Tigraayi (Tigray TV) yeroo hin murtoofneef dhorkuusaa beeksise. Akkaataa walii galtee nageenyaa Piriitooriyaa mootummaa FDRI fi ABUT jidduutti raawwatameen, abbaan taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa bulchiinsa yeroo naannoo Tigraayi waliin marii taasisee walii galteerra gahamuusaatiin dhorkaan Kanaan dura Televizhinii Tigraayi irratti taasifame irraa ka’ee hojiitti deebi’uusaa ibsa Kanaan yaadachiiseera. Kana malees abbaan taayitichaa gaazexessitootaa fi ogeessota Televizhinii Tigraayiif leenjiiwwan ijaarsa nageenyaa fi ga’umsa dandeettii kennuun miidiyaan kun gara toora heera mootummaa fi ogummaatti akka deebi’u carraaqqii guddaa taasisaa turuusaa ibseera. Haa ta’u malee Televizhiniin Tigraayi carraa kennameefitti fayyadamee naamusa ogummaa eegee tajaajila kennuun kan irraa eegamu ta’us yeroo dhihoo asitti ergaawwan nageenya biyyaa fi ummataa akkasumas faayidaa biyyaalessaa balaarra buusan, waliti bu’insatti oofanii fi finxaalessummaa jajjabeessan walitti aansuun dabarsuurra akka jiru qorannoon hordoffii qabiyyee miidiyaa abbaa taayitichaa akka agarsiisu eerameera. Haala Kanaan abbaan taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa akkaataa itti gaafatama seeraan kennameefiin har’aa eegalee Televizhinii Tigraayirratti yeroo hin murtoofneef dhorkaa taasisuusaa ibseera. Miidiyaan dijitaalaa, biroodkaastii fi maxxansaa kamiyyuu Televizhinii Tigraayi madda godhatee itti fayyadamuu ykn qabiyyeewwan seeraan alaa buufanni Televizhinii kun tamsaasu tamsaasuun ykn dhageessisuun kan dhorkame ta’uu hubachiiseera. Miidiyaa qajeelfama kana darbee argame kamiyyuu abbaan taayitichaa tarkaanfii seeraa fi bulchiinsaa akka irratti fudhatu cimsee hubachiiseera.
Godina Shawaa Lixaa maneen barnootaa kuma 1 fi 950 keessatti sagantaan soorata barattootaa ni gaggeeffama
Sep 21, 2026 131
Fulbaana 11/2019 (ENA)- Bara bajataa kana godina Shawaa Lixaa maneen barnootaa kuma 1 fi 950 keessatti sagantaan soorata barattootaa akka gaggeeffamu waajjirri barnootaa godinichaa beeksise. Itti aanaan itti gaafatamaa waajjira barnootaa godinichaa obbo Tashoomaa Faanaa ENA’f akka ibsanitti, bara bajataa kana sagantaa soorata barattootaa milkeessuuf qophiin taasifameera. Manneen barnootaa idileen duraa dabalatee maneen barnoota sadarkaa tokkoffaa aanaalee godinichaa 23 kuma 1 fi 950 keessatti sagantaa soorata barattootaa gaggeessuuf qooda fudhattoota dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan hojjetamaa akka jiru dubbataniiru. Sagantaan soorata barattootaa qulqullina barnootaa eegsisuun alatti, dhaloota egeree fi ga’oome horachuuf gumaacha olaanaa akka qabaatu dabalanii ibsaniiru. Barattoonni kuma 561 fi 247 sagantaa soorata barattootaa bara kanaa akka fayyadaman dubbataniiru. Itti Gaafatamaan waajjira barnootaa aanaa Tokkee Kuttaayee obbo Taarikuu humneessaa gamasaaniin, sagantaan soorataa kun qabxi barattootaa fooyyessuu fi fedhii barumsaaf qaban akka dabaluuf gumaacha taasisaa jiraachuu ibsaniiru. Barattoota kuma 14 fi 518 manneen barnootaa idileen duraa fi sadarkaa tokkoffaa aanicha keessatti argaman 106 keessatti sagantaa soorataa gaggeessuuf qophiin xumuramuu ibsaniiru. Sagantaa kana aanicha keessatti raawwachiisuuf birria miiliyoona 11 ol akka barbaachisu eeranii, sagantaa soorataa kana guutummaan gaggeessuuf qooda fudhattoota dhimmi ilaalu wajjin qindaa’uun qophiin taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.
Misoomni kooriidaraa magaalaa Harar aadaa dubbisuu gabbisuuf gumaacha taasisaa jira – dargaggoota
Sep 21, 2026 147
Fulbaana 11/2019 (ENA) - Misoomni kooriidaraa magaalaa Harar bakkeewwan bashannanaa magariisaa dhugoomsuurra darbee aadaa dubbisuu gabbisuuf gumaacha taasisaa jiraachuu dargaggoonni magaalattii dubbatan. Bakkeewwan misooma kooriidaraa fi magariisaa magaalaa Hararitti ijaaraman miidhagina magaalattii dabaluun alatti akkasumas jiraattotaa fi daawwattootaaf mijeessuun alatti, dargaggootaaf bakka bashannanaa ta’uun tajaajilaa jiru. Bakkeewwan misooma kooriidaraa kunneen bakka bashannanaarra darbee wiirtuu beekumsaa ta’anii tajaajilaa jiraachuu dargaggoonni ni dubbatu. Jiraattonni magaalichaa ENA’f yaada kennan akka ibsanitti, misoomni kooriidaraa magaalaa Harar bakkeewwan bashannanaa magariisaa dhugoomsuun gamatti aadaa dubbisaa guddisuuf gumaacha taasisaa jira. Dargaggoota magaalichaa yaada kennan keessaa dargaggoo Iyyoob Abbabaa akka ibsetti, Kanaan dura bakki dargaggoonni itti bashannanan waan hin jirreef bakka hin maletti yeroo dabarsaa akka ture ibseera. Misoomni kooriidaraa mootummaan ida’amuu dhugoomse dargaggootaaf bakka bashannanaa fi carraa hojii uumuun gamatti bakka kitaabni itti dubbifamu waan ta’eef beekumsa akka argatu isa gargaaraa akka jiru dubbateera. Shamarree Ye’aabsiraa Dassaalenyi yaada kenniteen, misoomni kun magaalattii miidhagsuurra darbee dubbisuu fi beekumsa argachuuf bakka mijataa uumuudhaan gumaacha taasisaa jira. Bakkeewwan kooriidaraa fi magariisaa magaalattiitti tajaajila olaanaa kennaa jiran kana dargaggoota biroo waliin ta’uun kunuunsa gochaa jiran cimsanii akka itti fufan dubbatteetti. Yunivarsiitii Jigjigaatti barattuun Gaazexeessummaa wagga 4ffaa barattuu Iddilaawiit Baqqalaa, misoomni kooriidaraa magaalattii miidhagsuurra darbee aadaan dubbisuu akka dagaagu gumaachaa jiraachuu ibsiteetti. Viidiyoo miidiyaa hawaasummaarratti feetu waraabuuf salphaatti bakka miidhagaa akka argattu ishee taasisaa waan jiruuf itti gammaduushee dubbatteetti. Dargaggoo Naahoom Geetaachoo yaada kenneen, bakkeewwan bashannanaa fi magariisaa ijaaraman aadaa dubbisuu fi yaaduu guddisuun gamatti dandeettii kalaqaa fi hirmaannaa hawaasaa cimsuuf gumaacha olaanaa qaba jedheera. Hojii gaggeessaan mana qopheessaa magaalaa Harar obbo Kaaliid Abdii gamasaaniin, misoomni kooriidaraa kun magaalattii miidhagduu, hawattuu fi jiraattotaaf akkasumas daawwattootaaf akka mijattu gochuusaa dubbataniiru. Keessumaa carraa hojii uumuun gamatti keessumaa dargaggootaaf wiirtuu bashannanaa, bakka kitaaba itti dubbisan, kalaqaa fi beekumsaa ta’uun dargaggoonni bakka hin malle akka hin oole gargaaraa akka jiran eeraniiru.
Kan mul'ate

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa
Abbaan taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa televizhinii Tigraayi dhorke
Sep 21, 2026 217
Fulbaana 11/2019 (ENA)- Abbaan taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa televizhinii Tigraayi (Tigray TV) yeroo hin murtoofneef dhorkuusaa beeksise. Akkaataa walii galtee nageenyaa Piriitooriyaa mootummaa FDRI fi ABUT jidduutti raawwatameen, abbaan taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa bulchiinsa yeroo naannoo Tigraayi waliin marii taasisee walii galteerra gahamuusaatiin dhorkaan Kanaan dura Televizhinii Tigraayi irratti taasifame irraa ka’ee hojiitti deebi’uusaa ibsa Kanaan yaadachiiseera. Kana malees abbaan taayitichaa gaazexessitootaa fi ogeessota Televizhinii Tigraayiif leenjiiwwan ijaarsa nageenyaa fi ga’umsa dandeettii kennuun miidiyaan kun gara toora heera mootummaa fi ogummaatti akka deebi’u carraaqqii guddaa taasisaa turuusaa ibseera. Haa ta’u malee Televizhiniin Tigraayi carraa kennameefitti fayyadamee naamusa ogummaa eegee tajaajila kennuun kan irraa eegamu ta’us yeroo dhihoo asitti ergaawwan nageenya biyyaa fi ummataa akkasumas faayidaa biyyaalessaa balaarra buusan, waliti bu’insatti oofanii fi finxaalessummaa jajjabeessan walitti aansuun dabarsuurra akka jiru qorannoon hordoffii qabiyyee miidiyaa abbaa taayitichaa akka agarsiisu eerameera. Haala Kanaan abbaan taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa akkaataa itti gaafatama seeraan kennameefiin har’aa eegalee Televizhinii Tigraayirratti yeroo hin murtoofneef dhorkaa taasisuusaa ibseera. Miidiyaan dijitaalaa, biroodkaastii fi maxxansaa kamiyyuu Televizhinii Tigraayi madda godhatee itti fayyadamuu ykn qabiyyeewwan seeraan alaa buufanni Televizhinii kun tamsaasu tamsaasuun ykn dhageessisuun kan dhorkame ta’uu hubachiiseera. Miidiyaa qajeelfama kana darbee argame kamiyyuu abbaan taayitichaa tarkaanfii seeraa fi bulchiinsaa akka irratti fudhatu cimsee hubachiiseera.
Ijipti ilaalcha “Lagni Abbayyaa keenya qofa” jedhu dhiisuu qabdi – Obbo Geetaachoo Raddaa
Sep 20, 2026 873
Fulbaana 10/2019(ENA): Ijipti qabeenya bishaanii bal’aa qabaattus, bulchiinsaafi itti fayyadama bishaanii keessatti hanqina guddaa akka qabdu Ministirri Gorsaa Dhimmoota Baha Afrikaa Ministira Muummee Obbo Geetaachoo Raddaa himani.   Obbo Geetaachoon turtii POA “Pulse of Africa” waliin taasisaniin, ilaalcha duubatti hafaa Abbayyaan kiyya qofa jedhu hordofaa akka jirtu dubbatan. Ilaalchi kunis haqa irratti kan hin hundaa’in ta’uu himuun, ejjennoon akkasii fudhatama akka hin qabnes kaasaniiru. Ijipti addunyaarratti biyyoota bulchiinsa bishaanii keessatti rakkoo qaban keessaa tokko ta’uu kan kaasan Obbo Geetaachoon, qabeenya bishaanii karaa bu’a qabeessa ta’een fayyadamuurra, qisaasama bishaanii guddaa akka raawwattus himaniiru.   Ijipti bishaanitti sirnaan fayyadamuu caalaa Itoophiyaa madda Laga Abbayyaa taateefi Sudaan dandeettii jallisii olaanaa qabdu gidduutti hokkora kaasuun nagaafi tumsi biyyoota lamaanii akka hin cimne dhiibbaa uumaa akka turteefi itti jirtus hubachiisaniiru. Keessattu rakkoo nageenyaa Sudaan keessatti yeroo ammaa mul’achaa jiruuf Ijipti harka keessa qabaachuun waan nama dhibu akka ta’es dubbataniiru. Ijipti ilaalcha duriifi adeemsa yeroon isaa darbe dhiisuun dhugaafi haala qabatamaa naannawichaa waliin walsimsiisuun akkaataa waloon bishaan laga Abbayyaa itti fayyadamuun danda’amurratti xiyyeeffachuu akka qabduus Obbo Geetaachoon hubachiisaniiru.
Gibxi qabeenya bishaanii guddaa osoo qabduu sirni bishaan ittiin bulchitu dadhabaadha-Obbo Geetaachoo Raddaa
Sep 19, 2026 704
Fulbaana 9/2019 (ENA)- Gibxi qabeenya bishaanii guddaa osoo qabduu sirni bishaan ittiin bulchitu dadhabaa ta’uusaa ministirri gorsaa dhimmoota Afriikaa bahaa ministira muummee Obbo Geetaachoo Raddaa ibsan. Obbo Geetaachoo Raddaa turtii POA waliin taasisaniin, Gibxi laga Abbayyaa kan dhuunfaashee gootee ilaaluudhaan adeemsa boodatti hafaa hordofaa akka jirtu dubbataniiru. Ejjennoon Gibxi madda laga Abbayyaa isa dhugaa dabalatee adeemsa tuffii haqa ganu ta’uu eeranii, kun ammoo gonkumaa fudhatama hin qabu jedhaniiru. Gibxi faallaa saayinsii dhaabbachuun itti fayyadama Abbayyaa ilaalchisee adeemsi dogoggoraa deemaa jirtu Gibxoonni miirri abbummaa dogoggoraan “mirgoota seenaa” jedhu akka itti dhaga’amu godheera jedhaniiru. Yaadni “mirga seenaa” jedhu ilaalcha sassattuu qaamni bishaan Abbayyaa dursee fayyadamuu eegale bara baraan to’achuu qaba jedhurraa kan dhufe ta’uu dubbataniiru. Yaad-rimeen “nageenya bishaanii” jedhu kan Gibxi waltajjiiwwan idil addunyaarratti kaaftu fedhii olaantummaa qaama tokkoo kan yeroon itti darbe ta’uu obbo Geetaachoon dubbataniiru. Kun bu’aa siyaasaa argachuuf osoo beekamuu kan uumame seenessa dogoggorsaa akka ta’es dubbataniiru. Gibxi biyyoota addunyaa bulchiinsa bishaanii dadhabaa ta’e qaban keessaa ishee tokkodha kan jedhan obbo Geetaachoon, Pirojektoonni akka Tushkaa bishaan guddaa gaafatan kanneen gammoojjii keessatti argaman fakkeenya itti fayyadama qisaasaati jedhaniiru. Hurki bishaanii Gibxi hidha Aswaanitti waggaatti mudatu, baay’ina bishaanii kuusaalee bishaanii Itiyoophiyaa keessatti argamu baay’ee akka caalu dubbataniiru. Gibxi madda bishaan Abbayyaa kan taate Itiyoophiyaa fi lafa jallisiif oolu bal’aa kan qabdu Sudaan jidduutti nagana akka hin jiraanne hojjechaa turuunshee rakkoon Sudaan keessa jiru bishaan Abbayyaa akka hin fayyadamne gochuuf tarsiimoo gaggeessitudha jedhaniiru. Karaan tokkichi Gibxi qabdu adeemsa yeroon itti darbe dhiisuudhaan haqa mul’ataa waliin araaramuu akka ta’e dubbataniiru.
Komoroos walta’insa Itoophiyaa waliin qabdu cimsuuf fedha guddaa qabdi
Sep 19, 2026 558
Fulbaana 9/2019 (ENA) Komoroos walta’insa Itoophiyaa waliin qabdu haala fayyadamummaa waliinii mirkaneessuu danda'uun cimsuuf kutannoo qabaachuushee Ambaasaaddar Yusuuf Mondohaa Asumaanii ibsan. Hariiroon biyyoota lamaan gidduu jiru yeroo gara yerootti cimaa dhufuusaa Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Komoroos fi Ergamaa dhaabbataa Gamtaa Afrikaa Yusuuf Mondohaa Asumaanii turtii ENA waliin taasisaniin dubbataniiru. Biyyoonni lamaan komishinii waliinii hundessuuf waliigalteerra ga’uu isaanii eeranii, komishiniin kunis wal-ta'insa kana caalaatti cimsuuf kan gargaaru ta'uu ibsaniiru. Wal-ta'insa dinagdee cimsuun xiyyeeffannoo jalqabaa biyyoota lamaanii ta'uu isaas kaasaniiru. Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa babal’ina daldalaa fi hariiroo ummataa biyyoota lamaan gidduu jiru cimsuuf taasisaa jiru ol'aanaa ta'uu isaa dubbataniiru. Daandiin Qilleensaa Itoophiyaa balallii gara komoroositti taasisuu erga eegalee waggaa 10ffaa isaa waliin kabajuuf qophii ta'aasiisaa jiraachuu eeraniiru. Damee sivil Aviyeeshiniin to'attoota imala qilleensaaf leenjiin yeroo dheeraa kennamaa jiru dandeettii biyyaalessaa Komoroos guddisaa akka jiru dubbataniiru. Hawaasni daldalaa Komoroos dhaabbata daldalaa Itoophiyaa waliin hariiroo daldala biyyoota lamaaniin caalaatti cimsuuf gama mana maree daldalaan carraawwan akka jiranis Ambaasaadarichi ibsaniiru. Tumsa nageenyaa cimsuuf Jilli hoggantoota ol'aanoo poolisii Komoroos Itoophiyaa daawwachuusaanii yaadachiisanii, jilichi yakka qindaa’aa fi daddabarsa qoricha sammuu hadoochu ittisuu irratti muuxannoo Itoophiyaan qabdu fudhachuu isaa eeraniiru. Misooni Annisaa Itoophiyaa misooma Afrikaa fi dhiheesii elekitrikaa Riijinichaaf qooda murteessaa bahaa akka jiru dubbataniiru. Adeemsa marii biyyaalessaa Itoophiyaa kan dinqisiifatan Ambaasaadarichi, nagaa fi tasgabbiin guddina Afrikaatiif qooda olaanaa akka qabu ibsaniiru. Komoroos tapha Garba Hindiiratti taphattu dabalatee damee tajaajilaan Turizimii fi taateewwan Ispoortii irratti muuxannoo Itoophiyaa irraa fudhachuuf fedha akka qabdu dubbataniiru. Walumaagalatti Komoroos tumsa Itoophiyaa waliin qabdu fayyadamummaa waliinii irratti hundaa'uun cimsuuf fedha akka qabdu Ambaasaadarichi ibsaniiru. Komoroos bara 2011 A.L.A Imbaasiishee Finfinneetti erga bantee hariirooshee guddachaa, tumsa damee garagaraa caalaatti cimsuuf haala mijataa uumee jira.
Gareen badii ABUT badii fi gidiraa malee ummata Tigaayiif waan buusu tokkollee hin qabu-Obbo Geetaachoo Raddaa
Sep 18, 2026 885
Fulbaana 8/2019 (ENA)- Gareen badii ABUT badii fi gidiraa malee ummata Tigaayiif waan buusu tokkollee akka hin qabaannee pirezidaantii bulchiinsa yeroo Tigraayi duraanii fi ministirri gorsaa ministira muummee dhimmoota Afriikaa bahaa Geetaachoo Raddaa ibsan. Ummannii fi dargaggoonni Tigraayi garee badii ABUT irratti qabsaa’uudhaan gara nageenyaa fi misoomaatti deebi’uu akka qaban dhaamaniiru. Pirezidaantii bulchiinsa yeroo Tigraayi duraanii fi ministirri gorsaa ministira muummee dhimmoota Afriikaa bahaa Geetaachoo Raddaa turtii POA waliin taasisaniinABUT’n waggoottan darban ummata Tigraayi gidiraa dhuma hin qabnee fi maraammartoo badii keessa galchuun alatti homaa akka isa hin fayyanne dubbataniiru. Adeemsi badii garichi itti jiru fedhii nagaa fi tasgabbii ummanni Tigraayi qabu waliin faallaa ta’uu dubbataniiru. Yeroo haalli biyyaalessaa fi idil addunyaa jijjiirame kanatti gaggeessitoonni ABUT ilaalcha siyaasaa moofaa fi dhiphaa keessatti kufanii akka jiran ibsaniiru. Badiin waggoottan darban naannicha keessatti qaqqabe murtee ABUT dogoggoraarraa kan maddu ta’uu ibsaniiru. Gaggeessitoonni ABUT yeroo hundaa nuyi sirriidha jechuun yaaduun, gidiraa ummataa ifatti mul’atu akka hin hubanne isaan taasiseera jedhan. Gaggeessitoonni garichaa muraasni tooftaa hidhannoo waraanaa moofaan ala kan itti hin mul’annee fi umuriisaanii fixan carraa ummata Tigraayi addatti to’achuuf ka’uunsaanii gonkumaa dogoggora jedhaniiru. Dhaloonni ammaa yaada haaraa fi fedhii nageenyaa dhugaa akka qaban ibsuun, hoggantoonni garichaa yaada yeroon itti darbeen uummata gara jeequmsaatti galchuuf hojjechaa akka jiran ibsaniiru. Walii galtee Nagaa Piriitooriyaa waraana mudatee ture dhaabuu fi uummata gara jireenya idileetti deebisuuf akka ta’e ibsuun, hoggantoonni garee TPLF adeemsa waliigalticha aangoosaanii itti fufsiisuudhaaf jedhanii akka gufachiisan dubbataniiru. Lammiilee qe'eesaaniirraa buqqa'anii rakkoo keessa jiran gara qe'eesaaniitti akka hin deebine dhorkuun dantaa siyaasaatiif itti fayyadamaa akka jiran ibsaniiru. Hoggantoonni TPLF nagaa hin barbaanne uummata beelaa fi rakkootti dhiisanii jeequmsa irraa bu'aa argachuuf, daddabarsa seeraan alaa fi daldala warqii irratti bobba'aniiru jechuun ibsaniiru. Dargaggoota Tigiraay irratti garee kanaan Cunqursaa fi daba raawwatamuuf jecha barattoonni naannoosaanii dhiisanii godaanaa akka jiranis ibsaniiru. Amma immoo hoggantoonni garichaa nageenyaa fi dantaa uummata Tigiraay duubatti dhiisuun, diinota uummata Tigiraay waliin tumsa siyaasaa haaraa uumuunsaa gocha nama qaanessudha jedhaniiru. Akka Obbo Geetaachoon jedhanitti, hoggantoonni garee TPLF kufaatii akka dandeettii fi injifannootti ilaaluun farra uummataa ta'uusaanii eeranii, garichi badiisaa amane fudhachuurra, akka waan sirrii ta’eetti fakkeessuun uummata dogoggorsiisuu itti fufeera jedhaniiru. Gareen TPLF uummata Tigiraayiif badii, godaansa, dararaa fi rakkina malee waan haaraa kennuu danda'u tokkollee hin qabu jedhaniiru. Nageenyi waaraan kan dhufu garee badii kana murannoodhaan irratti qabsaa'uun qofa ta'uus dubbataniiru. Haala Kanaan uummannii fi dargaggoonni Tigiraay garee badii dantaa muraasaaf dhaabbate kana irratti qabsaa'uun naannicha gara nageenyaa fi misoomaatti deebisuu akka qaban waamicha dhiheessaniiru.  
Hulaa Galaanaa Itoophiyaarraa Seeraan Alaa fudhatame dhaloonni har’aa deebifachuuf dirqama qaba — Birgaadeer Jeneraal Hayiluu Gonfaa
Sep 17, 2026 987
Fulbaana 7/2019 (ENA)—Hulaa galaanaa Itoophiyaarraa karaa seeraan alaa fudhatame dhaloonni har’aa deebifachuuf dirqama seenaa fi seeraa akka qabu miseensi duraanii Raayyaa Ittisa Biyyaa, Birgaadeer Jeneraal Hayiluu Gonfaa ibsan. Birgaadeer Jeneraal Hayiluu Gonfaa Raayyaa Ittisaa Biyyaa Itoophiyaa keessatti sadarkaa hoggansaa garaagaraa irratti waggoota dheeraaf biyyasaanii tajaajilaniiru. Gaaffii Itoophiyaan hulaa galaanaa ofii ishee argachuuf dhiheessaa jirtu dhimma seeraa, seenaa, nageenya naannawaa, teessuma lafaa fi dinagdee bu’uura kan godhate ta’uu hayyoonni garaagaraa yeroo adda addaatti ibsaa turaniiru. Birgaadeer Jeneraal Hayiluu Gonfaanis ENA waliin turtii taasisaniin, Itoophiyaan hulaa galaanaa karaa seeraan alaa dhabuu ishee yaadachiisuun, ulaa galaanaa karaa seeraan alaa dhabde kana deebitee argachuuf bu’uura seenaa fi seeraa gahaa ta’e qabdi jedhaniiru. Kaayyoon Itoophiyaa kan nama biraa saamuu ykn mirga nama biraa sarbuu osoo hin taane, mirga seeraan qabdu deebifachuu fi faayidaa biyyaalessaa ishee karaa nagaa, seeraa fi waliigaltee irratti hundaa’een mirkaneessuu akka ta’e ibsaniiru. Addunyaarratti biyyoota ummata miliyoona 130 ol qaban keessaa Itoophiyaan qofatu hulaa galaanaa irraa guutummaatti daangeffamee jiraachuu eeranii, biyyattiin Galaana Diimaa irraa fageenya kiiloo meetira 50 gadiitti kan argamtu ta’us, hulaa galaanaa dhabuun ishee waan fudhatama hin qabne ta’uu himaniiru. Haalli kunis faayidaa biyyaalessaa biyyattii irratti dhiibbaa guddaa geessisaa jiraachuu ibsaniiru. Waggoottan muraasaan dura Itoophiyaan hulaa galaanaa lamaa fi isaa ol kan qabdu ta’uu yaadachiisuun, dogoggora seenaa keessatti raawwatameen hulaa galaanaa irraa adda baafamuu ishee himaniiru. Hulaa galaanaa Itoophiyaarraa seeraan alaa fudhatame kana dhaloonni har’aa deebifachuuf dirqama seenaa fi seeraa qaba jedhaniiru. Guddinni dinagdee Itoophiyaa yeroo gara yerootti ariitiin guddachaa kan jiruufi baay’inni uummata ishees haalaan dabalaa waan jiruuf, biyyattiin hulaa galaanaa ofii ishee kana keessummeessuu argachuun dirqama ta’uu himaniiru. Kanaaf, gaaffiin hulaa galaanaa ofii ishee argachuu Itoophiyaa karaa nagaa fi dippilomaasiin deebii akka argatu hojjechuun filannoo jalqaba ta’uu akka qabu himanii, yoo kun milkaa’uu baates, dhaloonni har’aa seenaa fi seera bu’uureffachuun, miidhaan caalu osoo hin mudatiin, furmaata waaraa argachuu qaba jedhaniiru.
Olkaa'insi Itoophiyaa Haaromsa Afrikaa kan labsuudha – Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa
Sep 16, 2026 1235
  Itoophiyaan bara haaraatti faayidaa biyyaalessaa isheef dursa kennuun, akkasumas sagalee dhugaa Afrikaanota ta’uu eegalteetti. Haala walxaxaa fi jijjiiramaa ji’oopoolitikaa addunyaa keessatti imaammata hariiroo alaa cimaa fi walaba ta’e hordofuun miseensa BRICS ta’uu kan dandeesse Itoophiyaan, Yaa’ii Hoggantoota BRICS 18ffaa Niiwuu Deelii, Indii keessatti gaggeeffamerratti, fakkeenya ta’uu ishee fi dhageettii tarsiimawaa qabdu qabatamaan mirkaneessiteetti. Yaa’iin mata-duree “Cichoomina, kalaqa, tumsa fi itti fufiinsa ijaaruu” jedhuun gaggeeffame kun, Itoophiyaan biyyoota miseensotaa fi biyyoota michuu waliin hariiroo gama hedduu qabdu gara sadarkaa olaanaatti ceesisuu fi sirna addunyaa haqaa fi hunda galeessa ta’e ijaaruuf kutannoo qabdu ifatti kan mul’ise ture.   Itoophiyaan waltajjicharratti ejjennoo mul’isteen, biyyoonni rakkooleen osoo hin uumamin dura dandeettii isaan dandamachuu cimsachuu akka qaban xiyyeeffannoo kenniteetti. Kana ilaalchisee, Itoophiyaan mirga wabii nyaataa mirkaneessuuf tattaaffii taasisteen, hirkattummaa gargaarsa alaa irraa argamuun qamadii galchuurraa guutumaan guutuutti bilisa ta’uu ishee beeksisteetti. Akkasumas, waljijjiirraa midhaan nyaataa “BRICS Grain Exchange” keessatti oomishtuu fi dhiyeessituu taatee hirmaachuuf qophii ta’uu mirkaneessiteetti. Waltajjicharratti Itoophiyaan damee teeknooloojii fi kalaqaatiin bu’uuraalee misoomaa dijitaalaa, Waraqaa eenyummeessaa dijitaalaa, sirnoota kaffaltii fi marsariitiiwwan odeeffannoo amanamoo bal’inaan ijaaraa jiraachuu ibsiteetti. Afrikaan bara teeknooloojii egeree abbummaan hoogganuu kan dandeessisu Yuunivarsiitii Hubannoo Namtolchee Ida’amuu hundeessaa jiraachuu eeruun, dhaabbilee BRICS wajjiin waliin hojjechuuf qophii ta’uu mirkaneessiteetti. Afrikaan qabeenya albuudaa hedduu kan qabdu ta’uu yaadachiisuunis, qabeenyi albuudaa ce’umsa anniisaa, oomisha sadarkaa olaanaa fi dinagdee dijitaalaatiif murteessaa ta’uu Itoophiyaan ibsiteetti. Biyyoonni miseensa BRICS ta’an kaappitaalaa, teeknooloojii fi filannoowwan gabaa waan qabaniif, qabeenya kana walitti qindeessuun itti fayyadamuuf, akkasumas oomisha dheedhii irratti sona dabalataa uumuuf carraa guddaa akka uumu agarsiifteetti.   Itoophiyaan damee fayyaatiin dandeettii oomishaa ishee babal’isaa jiraachuu fi albuuda, anniisaa haaromfamaa fi dandeettii indaastirii guddachaa jiru irratti hirmaannaa fi tumsa uumuuf qophii ta’uu mirkaneessiteetti. Dabalataanis, Daandiin Qilleensa Itoophiyaa Afrikaa fi addunyaa walitti hidhuuf carraa guddaa ta’uu, biyyoota ollaattif dhiyeessiin anniisaa taasifamuun, akkasumas Finfinneen teessoo Gamtaa Afrikaa ta’uun walitti hidhamiinsa ardii fi addunyaa keessatti gahee Itoophiyaan qabdu ifatti kan agarsiisan ta’uu waltajjicharratti ibsiteetti. Sirna faayinaansii addunyaa ilaalchisee, Itoophiyaan haaromsa dinagdee gaggeessaa fi liqii alaa ishee irra deebiin qindeessuuf hojjechaa jiraachuu ibsiteetti. Dinagdeewwan qormaata keessa jiranif adeemsi qoodinsa liqii saffisaa, ifaa fi kan tilmaamamuu danda’u ta’uu akka qabu yaadachiifteetti. Akkasumas, biyyoonni guddachaa jiran dhaabbilee faayinaansii idil-addunyaa keessatti bakka bu’ummaa haqaa, dhageettii isaanii mirkaneessu fi bu’aa qabatamaa fidu qabaachuu akka qaban waamicha dhiyeessiteetti. Yaa’ii kanarratti hirmaannaa dammaqinaa qabu taasisteen, Itoophiyaan miseensa Dhaabbata Daldalaa Addunyaa (WTO) akka taatu, Mana Maree Dhaabbata Siivil Aviyeeshinii Idil-addunyaa (ICAO) keessatti teessoo dabalataa akka argattu, akkasumas Yaa’iin Idil-addunyaa Jijjiirama Haala Qilleensaa (COP32) Finfinneetti akka gaggeeffattuuf deeggarsa argatteetti. Kana malees, Baankii Misoomaa Haaraa (NDB) Waajjira isaa Finfinneetti akka banamu fi dhimmoota dursa kennamaniif gara waliigalteeatti jijjiiruuf “Qindeessaan BRICS” akka hundeeffamuuf yaada dhiyeessiteef fudhatamni bal’aan argameera. Hojiiwwan dipilomaasii bal’aa waltajjii BRICS cinatti gaggeeffaman keessaatti mariin hoggantoota addunyaa waliin taasifame, faayidaa biyyaalessaa eeguufi tumsa cimsuu irraatti milkaa’ina guddaan kan galmaa’e ture. Pirezidaantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin waliin, hariiroo tarsiimawaa Itoophiyaa fi Raashiyaa gidduu jiru caalaatti cimsuu irratti mariin bu’a qabeessi gaggeeffameera. Mariin kun dameewwan ittisaa fi nageenyaa, daldalaa fi invastimantii, barnootaa, teeknooloojii, akkasumas aadaa fi hariiroo uummataa fi uummataa irratti tumsa jiru guddisuuf kutannoo waloo mirkaneesseera. Dabalataanis, qophii COP32, jijjiirama haala qilleensaa fi galmoota misoomaa irratti tumsa cimsuuf waliigaltee uumuun danda’ameera. Ministira Muummee Indii Naareendiraa Moodii waliin immoo, tumsa ittisaa cimsuu, dabarsa teeknooloojii, ijaarsa dandeettii fi misooma albuudaa irratti mariin gaggeeffameera. Hariiroo seenaa dheeraa biyyoota lamaanii gara sadarkaa qabatamaa dinagdee fi misoomaatti ceesisuun akka danda’ame ibsameera. Akkasumas, Ministira Muummee Maaleezhiyaa Anwaar Ibraahiim waliin invastimantii, turizimii, tumsa anniisaa haaromfamuu danda’uu fi muuxannoo damee oomishaa irratti mariin gaggeeffamee, misooma biyya keessaa kan deeggaru carraan guddaan akka banamu taasifameera. Dhaalaa Gonfoo Mootummaa Abuu Dhaabii, Sheek Khaalid bin Mahaammad bin Zaayid Al Naahyaan, waliin dhimmoota dursaa BRICS fi tumsa gama hedduu irratti mariin gaggeeffameera. Pirezidaantii Iraan Mas’uud Pezeezhkiyaan waliin immoo haala yeroo naannawa Galaana Diimaa, tasgabbii nageenyaa naannichaa, akkasumas daldala, dinagdee fi misoomaa irratti waljijjiirraa bu’aa waloo irratti hundaa’e caalaatti babal’isuuf waliin hojjechuurratti waliigalteen irra ga’ameera. Walumaagalatti, Itoophiyaan Yaa’ii Hoggantoota BRICS 18ffaa irratti hojii dippilomaasii tarsiimawaa gaggeessitee fi bu’aawwan qabatamaa galmeessite, jijjiirama dippilomaasii fi dinagdee yeroo dheeraa biyyattii dhugoomsuuf utubaawwan murteessoo ta’aniiru. Mootummaan waltajjii seena qabeessa kanarratti Itoophiyaan miseensummaa BRICS fayyadamuun faayidaa tarsiimawaa ishee ija jabinaan akka gaafattu, akkasumas misooma Afrikaa, nageenyaa fi tumsa addunyaa haqa qabeessa ta’eef michuu amanamaa ta’uu ishee qabatamaan mirkaneeteetti.Olka’iinsi Itoophiyaa Haaromsa Afrikaa labsaa jira! Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa
Qormaatawwan Naannichatti mul’atan waaraan furuu Keessatti kutannoon waloo biyyootaa murteessaadha — Dr. Warqinaa Gabayyoo
Sep 16, 2026 987
  Fulbaana 6/2019 (ENA) — Qormaatawwan naannichatti mudachaa jiran waaraan akka furamaniif tokkummaa fi kutannoon waloo biyyoota miseensotaa murteessaa ta’uu Barreessaan Olaanaa Dhaabbata Walta’iinsa Misooma Biyyoota Baha Afrikaa (IGAD) Dr. Warqinaa Gabayyoo ibsan. Manni Maree Ministirootaa IGAD walga’ii ariifachiisaa isaa 74ffaa har’a Jibuutii keessatti gaggeesseera. Walga’icharratti ministiroonni dhimma alaa fi bakka bu’oonni biyyoota miseensa IGAD hirmaataniiru. Walga’icharratti nageenyaa fi tasgabbii naannichaa akkasumas dhimmoota ijoo biroo irratti mariin taasifameera. Barreessaa Olaanaan IGAD Dr. Warqinaa Gabayyoo yeroo kanatti akka jedhanitti, qormaatawwan naannichatti mudachaa jiran waaraan furuuf tokkummaa fi kutannoon waloo biyyoota miseensotaa murteessaa dha.   Hojiiwwan misoomaa fi nageenyaa Sekireetariyaatiin IGAD raawwataman bu’aa jajjabeessaa argamsiisaa jiraachuu ibsuun, dhaabbanni kun badhaadhina uummata naannichaa mirkaneessuuf kutannoo cimaa qabaachuu beeksisaniiru. Qormaatawwan garaagaraa ji’oo-poolitiksii jiraatanillee, raawwii hojii Sekireetariyaatii IGAD ji’oota jahan darban keessatti galmeesse kan nama jajjabeessu ta’uu dubbataniiru. Hojiilee bu’uuraalee misoomaa fi damee fayyaa naannichaa keessatti galmaa’an kaasuun, sirni odeeffannoo bishaan lafa jalaa naannichaa tajaajila gahumsaa fi qaqqabummaa fooyya’aa galmeessuu ibsaniiru. Akkasumas, indeeksii haguuggii fayyaa addunyaa naannichaa dhibbeentaa 60 irraa gara dhibbeentaa 65tti olka’uu fi kunis karoora bara 2027tti dhibbeentaa 70tti guddisuuf qabame galmaan ga’uuf kan dandeessisu ta’uu kaasaniiru. Gama biraatiin, Sudaan gara miseensummaa guutuu IGADtti deebi’uun tumsa fi tokkummaa naannichaa daran cimsuuf gahee olaanaa qabaachuu ibsaniiru. Barreessaan Olaanaa kun yeroo Adoolessa 2026 Sudaan daawwatanitti, Waajjirri Buufata IGAD Sudaanitti argamu irra deebi’uun ifatti banamuu yaadachiisuun, tarkaanfiin kun walitti dhufeenya kallattii fi waaraa IGAD’n uummata naannichaa waliin qabu daran cimsuun akka itti fufu kan taasisu ta’uu ibsaniiru. IGAD Gamtaa Afrikaa, dhaabbilee Mootummoota Gamtoomanii fi michoota tarsiimawaa biroo waliin hariiroo qabuun misooma waaraa naannichaaf murteessaa ta’uu dubbataniiru.   Tumsi kun dandeettii biyyoota Baha Afrikaa cimsuu keessatti gahee olaanaa akka qabuus kaasaniiru. Balaa jijjiirama qilleensaa gara fuulduraatti uumamuu danda’u sirna akeekkachiisa duraa cimsuun dandamachuuf hojmaatawwan barbaachisoo qophaa’aa jiraachuu ibsaniiru. Biyyoonni balaa jijjiirama qilleensaa El Ninoon fiduu danda’u hir’isuuf hojiiwwan qophii duraa cimsuu akka qaban hubachiisaniiru. Gama biraatiin, naannicha hubannoo namtolchee waliin walitti hidhuu fi bu’uura misoomaa teeknoolojiin deeggaramu diriirsuuf hojiiwwan jalqabaman abdachiisaa ta’uu ibsaniiru. Walga’ichi nageenya, tasgabbii fi guddina diinagdee waliigalaa naannichaa saffisaafi bu’a qabeessa taasisuuf dhimmoota biyyaalessaa fi naannawaa irratti mari’achuun, murteewwan dabarsuun xumuramuu odeeffannoon ENAn Sekireetariyaatii IGAD irraa argate ni mul’isa. Manni Maree Ministirootaa IGAD caasaalee imaammataa ijoo dhaabbatichaa keessaa tokko yoo ta’u, hojiiwwan dhaabbatichaa qindeessuu fi biyyoota miseensotaa gidduutti tumsa jiru cimsuu keessatti gahee olaanaa kan qabuudha

Hawaasummaa
Godina Shawaa Lixaa maneen barnootaa kuma 1 fi 950 keessatti sagantaan soorata barattootaa ni gaggeeffama
Sep 21, 2026 131
Fulbaana 11/2019 (ENA)- Bara bajataa kana godina Shawaa Lixaa maneen barnootaa kuma 1 fi 950 keessatti sagantaan soorata barattootaa akka gaggeeffamu waajjirri barnootaa godinichaa beeksise. Itti aanaan itti gaafatamaa waajjira barnootaa godinichaa obbo Tashoomaa Faanaa ENA’f akka ibsanitti, bara bajataa kana sagantaa soorata barattootaa milkeessuuf qophiin taasifameera. Manneen barnootaa idileen duraa dabalatee maneen barnoota sadarkaa tokkoffaa aanaalee godinichaa 23 kuma 1 fi 950 keessatti sagantaa soorata barattootaa gaggeessuuf qooda fudhattoota dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan hojjetamaa akka jiru dubbataniiru. Sagantaan soorata barattootaa qulqullina barnootaa eegsisuun alatti, dhaloota egeree fi ga’oome horachuuf gumaacha olaanaa akka qabaatu dabalanii ibsaniiru. Barattoonni kuma 561 fi 247 sagantaa soorata barattootaa bara kanaa akka fayyadaman dubbataniiru. Itti Gaafatamaan waajjira barnootaa aanaa Tokkee Kuttaayee obbo Taarikuu humneessaa gamasaaniin, sagantaan soorataa kun qabxi barattootaa fooyyessuu fi fedhii barumsaaf qaban akka dabaluuf gumaacha taasisaa jiraachuu ibsaniiru. Barattoota kuma 14 fi 518 manneen barnootaa idileen duraa fi sadarkaa tokkoffaa aanicha keessatti argaman 106 keessatti sagantaa soorataa gaggeessuuf qophiin xumuramuu ibsaniiru. Sagantaa kana aanicha keessatti raawwachiisuuf birria miiliyoona 11 ol akka barbaachisu eeranii, sagantaa soorataa kana guutummaan gaggeessuuf qooda fudhattoota dhimmi ilaalu wajjin qindaa’uun qophiin taasifamaa jiraachuu ibsaniiru.
Misoomni kooriidaraa magaalaa Harar aadaa dubbisuu gabbisuuf gumaacha taasisaa jira – dargaggoota
Sep 21, 2026 147
Fulbaana 11/2019 (ENA) - Misoomni kooriidaraa magaalaa Harar bakkeewwan bashannanaa magariisaa dhugoomsuurra darbee aadaa dubbisuu gabbisuuf gumaacha taasisaa jiraachuu dargaggoonni magaalattii dubbatan. Bakkeewwan misooma kooriidaraa fi magariisaa magaalaa Hararitti ijaaraman miidhagina magaalattii dabaluun alatti akkasumas jiraattotaa fi daawwattootaaf mijeessuun alatti, dargaggootaaf bakka bashannanaa ta’uun tajaajilaa jiru. Bakkeewwan misooma kooriidaraa kunneen bakka bashannanaarra darbee wiirtuu beekumsaa ta’anii tajaajilaa jiraachuu dargaggoonni ni dubbatu. Jiraattonni magaalichaa ENA’f yaada kennan akka ibsanitti, misoomni kooriidaraa magaalaa Harar bakkeewwan bashannanaa magariisaa dhugoomsuun gamatti aadaa dubbisaa guddisuuf gumaacha taasisaa jira. Dargaggoota magaalichaa yaada kennan keessaa dargaggoo Iyyoob Abbabaa akka ibsetti, Kanaan dura bakki dargaggoonni itti bashannanan waan hin jirreef bakka hin maletti yeroo dabarsaa akka ture ibseera. Misoomni kooriidaraa mootummaan ida’amuu dhugoomse dargaggootaaf bakka bashannanaa fi carraa hojii uumuun gamatti bakka kitaabni itti dubbifamu waan ta’eef beekumsa akka argatu isa gargaaraa akka jiru dubbateera. Shamarree Ye’aabsiraa Dassaalenyi yaada kenniteen, misoomni kun magaalattii miidhagsuurra darbee dubbisuu fi beekumsa argachuuf bakka mijataa uumuudhaan gumaacha taasisaa jira. Bakkeewwan kooriidaraa fi magariisaa magaalattiitti tajaajila olaanaa kennaa jiran kana dargaggoota biroo waliin ta’uun kunuunsa gochaa jiran cimsanii akka itti fufan dubbatteetti. Yunivarsiitii Jigjigaatti barattuun Gaazexeessummaa wagga 4ffaa barattuu Iddilaawiit Baqqalaa, misoomni kooriidaraa magaalattii miidhagsuurra darbee aadaan dubbisuu akka dagaagu gumaachaa jiraachuu ibsiteetti. Viidiyoo miidiyaa hawaasummaarratti feetu waraabuuf salphaatti bakka miidhagaa akka argattu ishee taasisaa waan jiruuf itti gammaduushee dubbatteetti. Dargaggoo Naahoom Geetaachoo yaada kenneen, bakkeewwan bashannanaa fi magariisaa ijaaraman aadaa dubbisuu fi yaaduu guddisuun gamatti dandeettii kalaqaa fi hirmaannaa hawaasaa cimsuuf gumaacha olaanaa qaba jedheera. Hojii gaggeessaan mana qopheessaa magaalaa Harar obbo Kaaliid Abdii gamasaaniin, misoomni kooriidaraa kun magaalattii miidhagduu, hawattuu fi jiraattotaaf akkasumas daawwattootaaf akka mijattu gochuusaa dubbataniiru. Keessumaa carraa hojii uumuun gamatti keessumaa dargaggootaaf wiirtuu bashannanaa, bakka kitaaba itti dubbisan, kalaqaa fi beekumsaa ta’uun dargaggoonni bakka hin malle akka hin oole gargaaraa akka jiran eeraniiru.
Diinagdee
Omishaa fi Oomishtummaa Bunaa guddisuun bu’aawwan   qabatamaa argaman 
Sep 21, 2026 152
  Fulbaana 11/2019 (ENA): Tarkaanfiileen jijjiiramaa damee bunaan hojiirra oolan omishaa fi oomishtummaa bunaa guddisuun bu’aa qabatamaan akka galmaa’an dandeesisuu Abbaan Taayitaa Bunaa fi Shaayii Itoophiyaa ibseera. Adeemsa gabaa bunaa gababsuu fi hojiileen qulqullina irratti hojjetaman galii buna irraa argamu akka dabalaluuf bu’uura kaa’uusaa Abbaan Taayitichaa hubachiiseera. Daarektarri Abbaa Taayitaa Bunaa fi Shaayii Itoophiyaa Dr. Addunyaa Dabalaa, ENA waliin turtii taasisaniin akka ibsanitti Itoophiyaan damee bunaan tooftaawwan haarawaan hojii hojjetteen bu’aa qabatamaa galmeesisaa jiraachuu ibsaniiru.   Fakkeenyaaf, bara bajataa 2018 xumurame keessatti doolaara biliyoona 3 argachuuf karoorfamee, doolaarri biliyoona 3.13 argamuusaa fi kunis karoora ol ta'uusaa daarektarri olaanaan kun ibsaniiru. Bunni sadarkaan isaanii gadi aanaa ta'an sirna gabaa irraa akka ba'an taasifamuusaa ibsuun, Buna Koomershaalaa gara Buna Ispeeshaaliitti akka ol guddatu taasisuun gabaa addunyaa irratti dorgomaa ta'anii turuun akka danda'ame dubbataniiru. Qonnaan bulaan kallattiin buna gara alaatti akka erganiif hojmaanni jajjabeessu diriiruusaa ibsuun, kanneen kallattiin gara alaatti erguu hin dandeenye immoo Al-ergitootaaf qindeessuun haalli itti dhiheessuu danda'an mijachuusaa eeraniiru. Kunis adeemsa gabaa gabaabsuu akka dandeessise eeranii, adeemsa kanaan oomisha qisaasa'u hir'isuun bu'aan argamuusaa dubbataniiru. Galiin Buna irraa argamu sharafa alaa dabaluu irratti shoora gaarii gumachaa jiraachuusaa dubbataniiru. Akkasumas sagantaan 'Ashaaraa Magariisaan ' omishaa fi oomishtummaa bunaa guddisuu irratti shoora guddaa gumachaa akka jiru ibsaniiru. Waggaa shan dura waggaatti bunni oomishamu toonii kuma 500 akka hin caalle kan ibsan, Dr. Addunyaan bara bajataa xumurame keessa bunni meetriktoonii miiliyoona 1tuqaa 5 oomishamuusaa eeraniiru. Bara bajataa 2019 oomisha bunaa gara alaatti ergamu irraa galii doolaara biliyoona 4 tuqaa 1 argachuuf karoorfamuusaa ibsaniiru. Karoora kana milkeessuufis qophiin barbaachisu taasifamee gara hojiitti galamuusaa daarektarri olaanaan kun ibsanii, dhimmi bakka gahumsa gabaa babal’isuu xiyyeeffannoo addaatiin irratti hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Yeroo ammaa kana biyyoonni 66 ta'an Buna Itoophiyaa fudhachaa jiraachuu isaanii eeranii , Imbaasiiwwan fi qoonsilaawwan Itoophiyaa biyyoota adda addaa keessatti argaman Buna Itoophiyaa beeksisuu irratti hojii jajjabeessaa hojjechaa akka jiran dubbataniiru.
Gaaffiin Mirga abbummaa Hulaa Galaana Itiyoophiyaa gaaffii nageenya naannawichaa mirkaneessuu fi jiraachuu fi jiraachuu dhabuuti
Sep 20, 2026 331
Fulbaana 10/2019 (ENA): Gaaffiin Mirga abbummaa Hulaa Galaana Itiyoophiyaa gaaffii nageenya naannawichaa mirkaneessuu fi jiraachuu fi jiraachuu dhabuuti ta’uu hayyoonni dubbatani. Itiyoophiyaan hula galaanaa mataashee kan qabdu turte shira irratti dalagameen kan mulqamte, baay’ina ummataa amma qabduu fi guddina dinagdee saffisaan guddachaa jiru waliin qabeenya uumamaa ishee deeffachuun dirqamadha. Yeroo ammaa dhimmi abbummaa buufata galaanaa dhimma Itoophiyaa qofa osoo hin taane, hawaasa addunyaa irraas deeggarsa bal’aa argateera. Mootummaan dhimma haqaa fi misoomaa kana karaa dippilomaasii, karaa nagaa fi walitti dhufeenya diinagdee cimsuun dhugoomsuuf carraaqqii addaan hin cinne gochuu itti fufee jira. Yunivarsiitii Finfinneetti barsiisaa fi qorataan Federaalizimii fi Bulchiinsa kan ta’an Dr. Tasfaayee Jimaa ENA waliin turtii taasisaniin akka himanitti,Dhimmi Galaana Diimaa Itoophiyaaf madda daldalaa fi galii caalaa dhimma birmadummaa fi lubbuuti jedhani. Daldala biyyattii babal’isuu fi misooma qonnaa fi qurxummii ishee guddisuuf buufanni galaanaa kuni gahee murteessaa qaba. Kana malees, carraan ji’oopoolitikaa baay’ee barbaachisaa ta’e kun dhiibbaa dippilomaasii fi siyaasaa Itoophiyaan naannichaa fi dirree idil-addunyaa irratti qabdu haalaan cimsa. Kanaaf Hulaa Galaana Diimaa argachuun dhimma bu’uuraa nageenya bal’aa fi misooma itti fufiinsa qabu biyyattiif wabii ta’edha. Akkaadaamii Hooggansaa Finfinneetti dursaan qorattootaa obbo Solomoon Tafarraa akka himanitti, Gaaffii abbummaa hula galaanaa Itoophiyaa sirriitti hubachuuf achii dhuftee seenaa, seeraa fi ji’oopoolitikaa qorachuun barbaachisaadha jedhani. Haalli nageenyaa fi siyaasaa naannichaa haalaan jijjiiramaa ta’e keessatti abbummaan buufata galaanaa Itoophiyaaf dhimma lubbuun jiraachuu fi birmadummaa murteessaa ta’uus eeraniiru. Kanaafis hayyoonni odeeffannoo qorannoon deeggaramee maddisiisuu fi waltajjiiwwan idil-addunyaa irratti fedhii biyyattii irratti hubannoo uumuun faayidaa biyya isaaniitiif gumaacha gaarii taasisuu danda’u. Dura taa’aan Waltajjii Tarsiimoo Abbayyaa fi Galaana Diimaa Dr. Abbabaa Gammachuu akka jedhanitti,Hayyoonni dhaabbata tokko keessatti walitti qabamanii dhimma abbummaa galaanaa Itoophiyaa qorannoo fi qo’annoodhaan yaada imaammataa maddisiisuun, waltajjiiwwan ardiilee fi idil-addunyaa irratti kaasuu qabu jedhani. Dhimma kana galmaan gahuuf Waltajjiin Tarsiimoo Abbayyaa fi Galaana Diimaa kan hundeeffame ta’uu eeruun, qorannoo gama teessuma lafaa, baay’ina ummataa, walqixxummaa fi walitti hidhamiinsa naannootiin gaggeessuun yaadota dantaa biyyattii tajaajilan maddisiisaa akka jiru ibsaniiru. Itiyoophiyaan dhimma abbummaa galaanaa irratti dippilomaasii karaa nagaa fudhatte itti fufsiisuudhaan gaaffii dhimma hula galaanaa ishee jabeessitee tarkaanfachiisuuf dandeettii qabdus dinqisiifannaa qaban ibsaniiru. Miidiyaa Dijitaalaa ENA hordofaa- https://www.ena.et/web/links
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Tajaajilli qorannoo fi hawaasaa Yunivarsiitichi gaggeessu hawaasa naannawichaa gargaaraa jira
Sep 21, 2026 176
Fulbaana 11/2019 (ENA)- Tajaajilli qorannoo fi hawaasaa Yunivarsiitiin Madda Walaabuu gaggeessu hawaasa naannawichaa gargaaraa jiraachuu pirezidaantiin Yunivarsiitichaa Dr. Biraanamasqal Xannaa ibsan. Yunivarsiitichi yaad-rimeewwan qorannoo fi misooma hawaasaa mata-duree ijoo irratti xiyyeeffatan kan qoratu workshopii ijaarsa dandeettii gaggeessaa jira. Pirezidaantiin Yunivarsiitichaa Dr. Biraanamasqal Xannaa akka jedhanitti, Yunivarsiitichi hojii baruu fi barsiisuu cinaatti qorannoowwan rakkoo hawaasaaf furmaata ta’u jedhu gaggeessaa jira. Xiyyeeffannoon qorannoo yunivarsiitichi gaggeessuu wiirtuu ga’oomaa kan ta’an qonna, fayyaa, turizimii, sirna ikoo fi eegumsa uumamaarratti ta’uu dabalanii ibsaniiru. Hayyoonni Yunivarsiitichaa tajaajiloota qorannoo fi hawaasaa waggoottan darban gaggeessaniin fayyadama hunda galeessa lammiilee hedduu kan mirkaneessan bu’aaleen guddaan argamuusaanii ibsaniiru. Keessumaa gama qonnaatiin hojmaata kilaastaraa, waldhaansa kaansarii fi hawaasa hubannoo qabsiisuun hojii hojjrtameen jijjiiramni qabatamaa galmaa’uu wabeeffataniiru. Tajaajiloonni qorannoo fi hawaasaa rakkoo ummataa furuu akka danda’an qorattootaa fi gamaaggamtootaaf leenjiin gabbisa dandeettii itti fufiinsaan kennamaa jiru cimee akka itti fufu pirezidaantichi dubbataniiru. Itti aanaan pirezidaantii akkaadaamikii, qorannoo fi cehumsa teeknooloojii Yunivarsiitichaa Dr. Bazzaabih Wandimmuu workishooppiin gabbisa dandeettii kun rakkoolee gama qorannootiin jiran adda baasuudhaan qorannoo dhiibbaa bu’aa fooyya’aa Fidan gaggeessuuf akka gargaaru ibsaniiru. Hojiiwwan misooma hawaasaa irratti xiyyeeffatan keessatti qophii yaad-rimeewwanii fi haala qabatamaa addunyaa irratti hubannoo gahaa akka argatan ibsaniiru. Hayyoonni Yunivarsiitichaa bara bajataa 2018 dameewwan xiyyeeffannoo garagaraa irratti xiyyeeffatan qorannoowwan 24 ol gaggeessuusaanii eeraniiru. Bara bajataa kana ammoo yaad-rimeewwan qorannoo 96 gamaaggamaaf dhihaachuusaanii dubbataniiru.
Wiirtuun hubannoo nam-tolchee Yunivarsiitii Jimmaa barattoonni hojii kalaqaarratti akka hirmaatan deeggaraa jira
Sep 18, 2026 461
Fulbaana 8/2019 (ENA)- Wiirtuun hubannoo nam-tolchee Yunivarsiitii Jimmaa barattoonni beekumsaa fi hubannoo damee kanarratti qaban guddisuun hojiilee qorannoo fi kalaqaarratti akka hirmaatan deeggaraa jiraachuu ibse. Hubannoon nam-tolchee (AI) yeroo ammaa sadarkaa idil addunyaarratti dameelee teeknooloojii, dinagdee, fayyaa qonnaa fi barnootaarratti jijjiirama si’ataa fidaa kan jiru meeshaa kalaqaa isa ijoo ti. Itiyoophiyaatti karoora tiraanisfoormeeshinii dijitaalaa biyyaalessaa milkeessuu fi hirmaannaa industirii warraaqsaa guddisuuf dargaggoota beekumsa teeknooloojii olaanaa ta’e qaban horachuun dhimma murteessaa ta’a. Yunivarsiitiin Jimmaa cehumsa teeknooloojii idil addunyaa fi fedhii biyyaalessaa yaada keessa galchuun, dandeettii kalaqaa fi qorannoo barattootaa guddisuuf wiirtuu hubannoo nam-tolchee hundeessee hojjechaa jira. Yunivarsiitichatti daarektarri wiirtuu kanaa Injiinar Jaarmiyaa Baay’isaa akka jedhanitti, Hubannoon nam-tolchee Yunvarsiitichaa erga hundeeffamee kaasee beekumsaa fi hubannoo barattoonni dame Kanaan agarsiisan guddisuuf deeggarsa itti fufaa gochaa tureera. Barattoonni hojiilee kalaqaa fi moosaajii hubannoo nam-tolcheerratti hundaa’an akka hojjetan wiirtuun kun deeggarsa barbaachisu gochaa jiraachuu dubbataniiru. Barattoonni beekumsaa fi hubannoo garagaraa qaban bakka hojii tokkotti walitti dhufanii muuxannoo akka wal jijjiiran haala mijeessuusaa eeraniiru. Kana malees barattoonni wiirtuu kana keessatti shaakallii hojiirraa akka taasisan haala mijeessuudhaan, pirojektoota garagaraa hubannoo nam-tolcheen deeggaraman hojjechuun muuxannoo fi beekumsa qabatamaa akka argatan gochaa akka jiru daarektarichi dubbataniiru. Waggaatti al lama hubannoo nam-tolchee ilaalchisee dorgommii hakatoon qopheessuun, barattoonni kalaqaan akka dorgomanii fi badhaasa garagaraa akka argatan haala mijeessaa akka jiru ibsaniiru. Barattoonni mooraa Yunivarsiitichaan alattis hojiilee qorannoo fi kalaqaa hubannoo nam-tolcheen deeggaraman kan rakkoo hawaasaa furan irratti hirmaachaa akka jiran ibsaniiru. Kanneen keessaa dhibee Bunarratti mudatan dursanii adda baasuuf, furmaata kennuu fi sadarkaa Bunaa murteessuuf kan tajaajilu kalaqa “appii Daboo Bunaa” fakkeenya kaasaniiru. Pirojektii taphoota aadaa Roobootiksii fi hubannoo nam-tolcheen walitti qindeessuun dhiheessu, qabiyyee biyyoo adda baasuun akaakuu oomishaa mijataa kan agarsiisu “omishtuu Jooyi aappii” fi kalaqoonni fayyaa fi dhukkuba beelladaa hordofuuf hojjetaman akka keessatti argaman dubbataniiru. Hojiiwwan kunneen biyya keessaa fi sadarkaa idil addunyaatti badhaasa hedduu akka argamsiisan eeraniiru. Yunivarsiitii Jimmaarraa damee Kanaan kan eebbifamtee fi hojiiwwan kalaqaa garagaraa irratti hirmaachaa kan turte shamarree Ikraam Alqaadir, wiirtuu kana keessa turuunshee beekumsaa fi muuxannoo guddaa akka argattu akka ishee gargaare ibsiteetti. Yeroo ammaa dhaabbata dhuunfaa keessatti damee Kanaan hojii bu’a qabeessa hojjechuurratti argamti. Dargaggoo Adam Sa’id beekumsaa fi muuxannoo wiirtuu kanarraa argatetti fayyadamuun dhaabbata ‘kireetiiv hab’ keessa hojjechaa jira. Yeroo ammaa hojiilee moosaajii hojjechuurratti bobba’ee akka argamu ibsuun, wiirtuun hubannoo nam-tolchee Yunivarsiitii Jimmaa milkaa’ina argateef beekumsa bu’uraa guddaa akka gumaacheef eereera.
Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob bakkaa bakkatti socho’uun kennu deebii hatattamaa mootummaan ummataaf kennedha-tajaajilamtoota
Sep 18, 2026 297
Fulbaana 8/2019 (ENA)-Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob bakkaa bakkatti socho’uun kennu deebii hatattamaa fi kutannoo mootummaan ummataaf kenne kan mirkane ta’uu tajaajilamtoonni ibsan. Tajaajila wiirtuu tokkoo dijitaalaa bakkaa bakkatti socho’uun kennamu ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin Ebla 14 bara 2018 eebbifamee hojii eegaluunsaa ni beekama. Tajaajilli ammayyaa kun jiraattonni biirolee mootummaa garagaraa osoo hin dhaqiin, bakka jiranitti yeroo gabaabaatti dhimmasaanii raawwachuu akka danda’an haala mijataa uumeera uumeera. Dhimma kanarratti ENA’f yaada kan kennan keessaa obbo Taammiruu Asaffaa akka ibsanitti, tajaajilli Kanaan dura mootummaan kennu yeroo dheeraa kan fudhatuu fi bu’aa bayiif kan nama saaxilu ture. Amma garuu hojmaanni dijitaalawaa waan ta’eef daqiiqaa muraasa keessatti tajaajila si’ataa argachuu akka danda’an ibsaniiru. Keessumaa hojmaanni tajaajila dijitaalaa masoob bakkaa bakkatti socho’uun kennamu naannawa jiraatanitti tajaajila si’ataa akka argatan carraan argamuunsaa itti quufinsa caalaa akka uumeef dubbataniiru. Obbo Taammiraat Kabbadaa gamasaaniin, kenniinsi tajaajila dijitaalaa masoob bakkaa bakkatti deemuun kennamu simannaarraa eegalee hojmaata Kanaan dura turerraa si’ataa ta’uusaa eeranii, tajaajila argatanitti gammaduusaanii ibsaniiru. Obbo Waabalaa Hajiikadir tajaajila dijitaalaa Masoob bakkaa bakkatti deemuun tajaajila kennutti yeroo jalqabaaf tajaajilamuusaanii dubbatanii, tajaajila gama Kanaan kennamu yeroo gabaabaa fi hatattamaan argachuusaanii ibsaniiru. Tajaajila si’ataa kanaaf mootumma galateeffataniiru. Tajaajila dijitaalaa masoob bakkaa bakkatti deemuun kennamutti ogeessi kaawuntaraa immigireeshinii fi tajaajila lammummaa Darribee Faantaahun, Kanaan dura tajaajilamtoonni tajaajila argachuuf qaamaan gara dhaabbatichaa deemuuf akka dirqaman yaadataniiru. Tajaajila dijitaalaa masoob bakkaa bakkatti deemuun amma kennamaa jiruun dhaabbilee hedduu bakka tokkotti fiduun bakka tajaajila kennaa akka jiran ibsaniiru. Tajaajila dijitaalaa FDRI bakkaa bakkatti deemuun kennamutti ogeessa tajaajila yehulluu kan ta’an Haannaa Tafarraa, amma ammaatti kutaalee magaalaa Hunda dhaquun tajaajila kennuudhaan itti quufinsa tajaajilamtootaa mirkaneessaa jirra jedhaniiru. Hojii raawwachiisaan tajaajila masoob FDRI Yoonaas Alamaayyoo akka ibsanitti, tajaajiloota mootummaa Kanaan dura bittinnaa’anii turan dijitaalaayiz gochuun wiirtuu tokkotti kennuuf kan eegalame tajaajilli masoob akka biyyaatti bu’aa olaanaa fidaa jira. Namoonni gara wiirtuu Masoob qaamaan dhaquun tajaajilamu hin dandeenye bakka jiraatan dhaquun tajaajiluun haalli dandeessisu uumamuu dubbataniiru. Hojmaanni kun namoota qaamaan argamuu hin dandeenyeef carraa guddaa kan uume waan ta’eef fuulduras tajaajila kana bal’isuudhaaf xiyyeeffatamee akka hojjetamu obbo Yoonaas Alamaayyoo mirkaneessaniiru.
Masoob Tajaajilli Wirtuu tokkoo Jimmaa deddeebbii maamilaa fi qisaasama yeroo hambiseera
Sep 17, 2026 425
Fulbaana 7/2019 (ENA):Masoob tajaajilli wiirtuu tokkoo Jimmaa haala hojii isaa ammayyeessuun maamiltoonni dararaa fi qisaasama yeroo hanbisuun tajaajila ariifachiisaa argachaa jiraachuu isaanii ibsan. Tajaajilamtoonni magaalattii akka ibsanitti, Masoob tajaajilli wiirtuu tokkoon kennaman yeroo irraa gara yerootti cimaa, ammayyoomaa fi si’ataa dhufaniiru. Giddugali kun mana hojii hedduu iddoo tokkotti walitti waan fideef maamiltoonni waajjira irraa gara waajjiraatti deemuun dararama, baasii hin barbaachisnee fi qisaasama yeroo mudachaa ture hambisuu danda'eera. Jiraattota keessaa Obbo Tasfaaye Baqqala akka ibsanitti, tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob hojii eagaluusaan dura hojiin birookraasii fi qisaasama yeroo hin barbaachisneef saaxilamaa turuusaa ibsaniiru. Waggaa tokko keessatti dhimma tokko raawwachiisuuf ji'a ja'a ol deddeebi'aa kan turan ta'uu yaadachuudhaan, hundeeffamni giddugala kanaa rakkoo sana hambisuu keessatti jijjiirama guddaa fiduu isaa ibsaniiru. Dabalataanis, kanaan dura sekteroonni mootummaa giddugala kanatti hin makamne dabalataan hammatamanii tajaajila kennuu waan eegalaniif, dandeettii hojii fi haalli tajaajila ariifachiisaa kennuu giddugala kanaa caalaatti cimeera jechuun eeraniiru. Aadde Mareemaa Mahaammad gama isaaniitiin kanaan dura dhimmi tajaajila kennuu baay'ee nu yaaddessa ture jedhan. Dhaabbilee mootummaa keessatti hojiin seeraan ala ta'e dararaa fi qisaasama qabeenyaaf nu saaxilaa ture kan jedhan Aadde Mareemaan; har'a garuu gara giddugala tajaajila tokkoo Masoob yommuu deemnu amantaa guutuu fi gammachuudhaani jedhaniiru. Hojjettoonni giddugala kanaa dhimma maamiltootaaf xiyyeeffannoo guddaa kennuun isaanii fi tajaajilichi teeknoolojiin kan deegaramee fi si’ataa ta'uu isaa waan hundumaa olitti gammachiisaadha jedhaniiru. Tajaajilichi yeroo irraa gara yerootti ammayyoomaa dhufuus jiraattuu magaalaa Jimmaa kan ta'an Aadde Alamneesh Dikoo ibsaniiru. Dhimmoota adda addaa sadaniif gara giddugala kanaa dhufuu isaanii fi tajaajiloota sadanuu bakka tokkotti xumuranii deebi'uu isaanii akka fakkeenyaatti eeraniiru. Dargaggoo Miiftaa Abdulqaadir gama isaatiin Masoob giddugalli wiirtuu tokkoo harka qalleeyyii fi qaama miidhamtootaaf sirna mijataa fi sirrii ta'e diriirsuu isaa eeruudhaan, rakkoo malee seenee tajaajila sirrii argachuu danda'uu isaa dubbateera. Hojjettoonni tajaajila giddugala tokkoo Masoob Jimmaa Liinaa Abdullaaziizii fi Hanaan Amuutii; maamiltoonni gara dhaabbatichaa yommuu dhufan tajaajila xumuranii bahuuf daqiiqaa 10 hanga 15 qofa kan isaanitti fudhatu ta'uu ibsaniiru. Haalli hojii digitaalaa fi ariifachiisaa waan ta'eef maamiltoonni dararaa fi qisaasama yeroof kan hin saaxilamne ta'uu kan eeran hojjettoonni kunniin; hojjetaan hundi daqiiqaa tajaajila kenneen safaramee kan madaalamu waan ta'eef hanqinni tajaajilaa kamiyyuu kan hin uumamne ta'uu dubbataniiru. Itti aanaa hojii gaggeessaa tajaajila giddugala tokkoo Jimmaa Masoob Obbo Abdii Salamoon; giddugalli kun tajaajila kennuu erga eegale bara 2018 irraa eegalee hanga ammaatti lammiilee kuma 135 ol keessummeessuu isaa ibsaniiru. Akkasumas tajaajiloonni giddugala kanatti kennaman 135 irraa gara 139 kan ga'an ta'uu sekteroonni gara giddugala kanaatti galan immoo 25 irraa gara 29tti guddachuu isaanii ibsaniiru.
Ispoortii
Taphoota har’aa Maanchistar Siitiin Saandarlaandii waliin, Fuulhaam Maanchistar Yunaayitid waliin fi Boornemaawuz Liivarpuul Waliin taasisan haalan eegama
Sep 20, 2026 365
Fulbaana 10/2019 (ENA): Piriimiyerliigiin Ingiliiz torbee shanaffaan har'a xumurama. Pireemeerliigichaan Har'a taphoonni afur ni gaggeeffamu. Maanchistar Siitiin sa'aatii waaree booda sa’aatii 11:00 irratti istaadiyeemii Itihaaditti Saandarlaandiin ni keessummeessa. Siitiin taphoota afran darban liigichaan injifachuun qabxii 12’n sadarkaa tokkoffaa irra jira. Saandarlaandiin qabxii afuriin sadarkaa 14ffaa irra jirta. Gareen kun taphoota lamaan darban irratti injifannoo hin arganne. Maanchistar Siitiin yoo injifate qaawwa Arsenaal waliin qaban gara qabxii sadiitti guddisa. Arsenaal kaleessa Biraayitan irratti 3 fi 0’n mo'ame. Saandarlaandiin gara daandii injifannootti deebi'uuf garee qe'ee isaanii qormaata keessa galchuuf ni ilaala. Fuulhaam galgala sa'aatii 12:30tti Maanchistar Yunaayitid ‘Craven Cottage’ irratti keessummeessa. Abbaan dirree Fuulhaam sadarkaa 20ffaa irraa qabxii tokkoon fagaatee jira. Maanchistar Yunaayitid gama isaan taphoota lamaan darban injifachuu dadhabuun qabxii afuriin sadarkaa 13ffaa irra jira. Tapha birootiin Boornemaawuz har’a waaree booda sa'aatii 10tti Istaadiyeemii ‘Vitaalitii’ irratti Liivarpuul keessummeessa. Boornemaawuz qabxii sadiin sadarkaa 16ffaa irratti argama. Liivarpuul qabxii 6’n sadarkaa 10ffaa irra jira. Liidsi Yunaayitid waaree booda sa'aatii 10tti Istaadiyeemii Laandi Rood irratti Kiristaal Paalaas waliin taphata. Miidiyaa Dijitaalaa ENA hordofaa- https://www.ena.et/web/links
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Raaga haala Qilleensaa bal'inaan dhaqqabamaa taasisuun qophii gahaan akka jiraatuuf dhiheenyaan hojjetamaa jira
Sep 18, 2026 545
Fulbaana 8/2019 (ENA) Odeeffannoo raaga haala qilleensaa bal'inaan dhiyeessuun qophii fi offeeggannoo duraa akka jiraatuuf dhiyeenyaan hojjetamaa jiraachuusaa Inistitiyuutiin Meetiroloojii Itoophiyaa beeksise. Inistitiyuutichi gamaggama haala qilleensa gannaa fi raaga haala qilleensa bonaa fuulduraa hirmaannaa qooda fudhattootaatiin Adaamaatti gaggeessaa jira. Daarektarri Olaanaan Inistitiyuutichaa Dr.Faxxanaa Tashoomaa akka jedhanitti, Inistitiyuutichi misoomawwan hawaasummaafi dinagdee biyyaattif faayidaa kan qaban raaga haala qilleensaa yeroo gabaabaa fi dheeraa yeroosaa eeggatee dhiyeessuun gaheesaa ba'achaa jira.   Odeeffannoon kunneen keessattuu dameelee Qonnaafi misooma jallisiif, Bulchiinsa qabeenya bishaaniif, hir’ina sodaa balaatiif,Aviyeeshinii fi geejibaatiif ,Barnootaafi fayyaaf gaggeesuuf murteessaa ta’uusaanii ibsaniiru. Akkasumas,odeeffannoo haala qilleensaa yeroosaa eeggatee fi amansiisaa ta'e uummataafi qooda fudhattootaaf dhiyeessuun misoomaa fi guddina biyyaatiif murteessaa ta'uu isaafi hojiin kun cimee kan ittifufu ta'uu ibsaniiru. odeeffannoo raaga haala qilleensaa yeroodhaan dhiyeessuun qophii fi deebii sirrii kennuuf kan gargaaruudhas jedhan. Qooda fudhattoonnis odeeffannoo kanatti fayyadamanii tarkaanfii qophiitiif akka itti fayyadaman waamicha dhiyeessaniiru. Gara biraatiin, raaga haala qilleensa Bonaa kan dhiyeessan Itti Aanaa Daarektara Inistitiyuutichaa Dr.Asaamminnoo Tashoomaa akka ibsanitti,Bona dhufu kanatti naannowwan horsiise bulaatti haalli qilleensaa misooma qonnaatiif mijaawaa ta'ee fi roobni gaariin akka jiraatu ibsaniiru. Naannoowwan kunniin rooba kana jalqaba baatii Onkololeessaatii jalqabanii kan argatan ta'uun ibsameera. See less  
Naannoo Harariitti Biqiltuuwwan Ashaaraa Magariisaan dhaabaman kunuunsuun cimee itti fufa
Sep 16, 2026 597
Fulbaana 6/2019 (ENA) — Naannoo Harariitti biqiltuuwwan Sagantaa Ashaaraa Magariisaan dhaabaman kunuunsuun cimee akka itti fufu Pirezidaantiin Naannichaa Obbo Ordiin Badirii ibsan. Pirezidaantiin Naannoo Hararii Ordiin Badirii fi hoggantoonni naannichaa biqiltuuwwan ji’oota gannaa keessa dhaabaman kunuunsaniiru. Hoggantoonni kunneen biqiltuuwwan dhaabaman haala gaariin akka guddatan taasisuuf hojii kunuunsaa barbaachisaa ta’e irratti xiyyeeffachuun hojiiwwan adda addaa raawwataniiru. Naannichatti sagantaalee dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaan biqiltuuwwan faayidaa hedduu qaban dhaabamuu isaanii ni yaadatama. Hojii dhaabbii biqiltuuwwanii irratti hoggantoonni olaanoo naannichaa, qaamoleen ittisaa fi nageenyaa, hojjettoonni mootummaa, dargaggoonni fi dubartoonni, qonnaan bultoonni akkasumas kutaaleen hawaasaa gara garaa hirmaataniiru. Har’as Pirezidaantiin Naannichaa Obbo Ordiin Badirii fi hoggantoonni olaanoo naannichaa Gaara “Haakim” irratti biqiltuuwwan yeroo gannaa dhaabaman bishaan obaasuu fi kunuunsuu isaanii ibsameera. Naannicha keessatti biqiltuuwwan yeroo ji’oota gannaa dhaabaman hanga muka guddaa ta’anitti kunuunsi barbaachisaa ta’ee xiyyeeffannaan kennamee hojjetamaa jira. Pirezidaantiin Naannichaa Obbo Ordiin Badirii yeroo kanatti akka jedhanitti, biqiltuuwwan yeroo gannaa naannichatti dhaabaman sirnaan akka latanii fi guddatan gochuuf kunuunsa barbaachisaa ta’e taasisuun murteessaadha. Yeroo ammaa kanas, keessumaa biqiltuuwwan dhaabaman kaayyoo barbaadameef akka oolan qaamoleen adda addaa hojii kunuunsaa hojjechaa jiran jajjabeeffamuu akka qaban hubachiisaniiru. Itti aansuunis biqiltuuwwan bishaan obaasuu fi marga irraa qulqulleessuun sirnaan akka latanii fi guddatan gochuun barbaachisaa ta’uu Pirezidaantiin Naannichaa hubachiisaniiru. Kana malees, Pirezidaantiin Naannichaa Obbo Ordiin Badirii hojii pirojektii Inisheetivii gaara Haakim daawwachuu isaanii ibsameera. Hojiin pirojektichaa karoora yeroo qabame keessatti saffisaa fi qulqullinaan raawwatamaa jiraachuu isaa eeraniiru.
Itoophiyaan sirna geejjibaa magariisaa jijjiirama haala qilleensaa dandamatuu fi itti fufinsa qabu ijaaruuf xiyyeeffannoon hojjechaa jirti
Sep 16, 2026 520
Fulbaana 05 /2019 (ENA) Itoophiyaan sirna geejjibaa magariisaa jijjiirama haala qilleensaa dandamatuu fi itti fufinsa qabu ijaaruuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu Ministirri Geejjibaa fi Loojistiksii Dr. Alamuu Simee ibsan. Sagantaan jalqabsiisa workshooppii Nordiik Afrikaa Elektiriik Mobiliitii magaalaa Finfinneetti gaggeeffamera. Sagantaa kanarratti doktara Alamuu Simee haasaa taasisaniin; Itoophiyaan hoggansa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin tarsiimoo misoomaa magariisaa fi jijjiirama haala qilleensaa dandamatu karoora misooma biyyaalessaa isheen bu’uura godhattee hojjechaa jirti jedhaniiru. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa, humna haaromfamaa babal’isuu fi dinagdee kaarboonii gadi aanaa qabu ijaaruuf tattaaffiin taasifamu, xiyyeeffannoo kanaaf agarsiistota ta’uu ibsaniiru. Damee geejjibaa kaarboonii irraa bilisa taasisuun dinagdee itti fufinsa qabu ijaaruuf hojiiwwan ijoo hojjetaman keessaa tokko ta’uu eeruun, biyyattiin murtee kana gara hojiiitti hiikuuf geejjiba uummataa Elektirikii, Koridariiwwan Magaalaa fi sirna geejjibaa qilleensa qulqulluu humna haaromfamuu danda’u waliin walitti hidhuun ijaaramaa jiraachuu ibsaniiru. Gara geejjiba elektirikiitti ce’uun kun eegumsa naannoo qofaaf osoo hin taane, jijjiirama dinagdee, wabii humnaa, kalaqa teeknooloojii fi qulqullina jireenyaa lammiilee fooyyeessuuf gumaacha olaanaa qabaachuu eeraniiru. Konkolaattota qofa gara biyyaatti galchuun sirna geejjiba elektirikii guutuu uumuu akka hin dandeenye kan ibsan Ministirichi, bu’aa guutuu galmeessuuf bu’uuraalee misoomaa fi sirnoota hojii barbaachisan guutuu akka qaban hubachiisaniiru. Haaluma kanaan, bu’uuraalee misoomaa chaajii bakka itti taasisan babal’isuu fi sirna hojii dijitaalaa diriirsuu, Istaandardoota waliigalaa qopheessuu, humna namaa leenji’e horachuu, akkasumas sirna baatiriiwwan irra deebi’anii itti fayyadamu diriirsuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. Kanaaf, sirna qindoomionaa ijaaruu, fayyadamaa teekinooloojii ta’uu irraa gara dandeettii biyya keessaa ijaaruutti ce’uu, akkasumas tumsa Riijinii fi Ardichaa cimsuun barbaachisaa ta’uu waamicha dhiyeessaniiru. Itoophiyaa fi Afrikaan biyyoota Noordik irraa muuxannoowwan gaarii fudhachuu akka danda’an kan eeran Ministirichi, furmaatoonni Afrikaa garuu dhugaa jiruufi fedhii geejjibaa ardichaa kan bu’uureffataan ta’uu akka qaban ibsaniiru. Ce’umsa Afrikaan gara sochii elektriikiitti taasiftu guddina industiriitiif human ta'uu malee, dhiheessii meeshaalee alaa qofa ta'uu akka hin qabne hubachiisaniiru. Afrikaanonni walitti hidhaminsa kana keessatti akka hirmaataniif, dhaabbilee suphaa fi walitti qabiinsa meeshaalee (assemblers) dhiyootti argamanii fi oomishtoota cimsuu, qorannoo fi misooma keessatti invesiti gochuu, akkasumas sirna geejibaa daangaa ce'uu walitti hidhuun akka barbaachisu ibsaniiru. Ce’umsa kanaaf qabeenyi mootummaa qofti gahaa akka hin taane kan eeran yoo ta'u; mootummaan, dhiheessitoota misoomaa, baankota daldalaa fi abbootii qabeenya dhuunfaa dhugaatiin tumsa cimaa uumuun akka barbaachisu dubbataniiru. Yaa’ichi mariin olitti gara tarkaanfii qabatamaatti kan ce'amu, galmootni ifa ta'an kan kaa'aman, akkasumas tumsi michoota misoomaa fi teekinoolojii kan itti cimu akka ta'u abdiin qaban ibsaniiru.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 31517
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti - Itti aanaa Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa
Jun 9, 2026 19720
Waxabajji 2 /2018 (ENA): Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti jedhani itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan muummee ministiraa Pirojektoota misoomaa adda addaa magaalaa Woldiyaatti ijaaraman eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Yeroo eebba kanaatti pirojektoonni misoomaa eebbifaman imala biyyattiin gara fuulduraatti taasiftu kan agarsiisan yoo ta’u, guddinni Itiyoophiyaa eenyullee dhaabuu akka hin dandeenye kuni ragaadha jedhan. Itti aanaan ministira muummee kun ummanni magaalaa Woldiyaa finxaaleyyii fi qoqqoodinsa mormuudhaan kan beekamu ta’uu ibsuun, filannoon isaanii irra deddeebiin nagaa fi mootummaa cimaa ta’uu isaa kan argisiisu ta’uu ibsaniiru.   Mootummaan baandota irratti qabsaa’aa jira jedhani. Waggoota 50 fi 60 darbaniif warri yaada dulloomaatiin qabaman guddina ariifataa biyyattii hubachuu akka hin dandeenyes ibsaniiru. Warri bosona keessa jiran jijjiirama guddaa biyyatti dhufe kan akka misooma koridarii, maaddii guutuu, pirojektoota misoomaa fi oomisha qamadii arguu akka hin dandeenye dubbataniiru. Misoomni koridarii magaalota keessatti gaggeeffamaa jiru dhimma bareedinaa qofa osoo hin taane magaalota ammayyeessuun sadarkaa jireenyaa ummataa ol kaasuuf kaayyoo ta’uu ibsaniiru. Magaalonni Itiyoophiyaa magaalota Baha Afriikaa fi addunyaa waliin dorgomuu akka qaban ibsaniiru; akkasumas tajaajila ammayyeessuuf tajaajilli giddugala tokkoo guutuu biyyattiitti babal’achaa akka jiru hubachiisaniiru. Manneen kitaabaa ummataa, manneen kitaabaa dijitaalaa fi kaffeewwan saayinsii magaalaa Woldiyaatti ijaaraman odeeffannoo guyyaa guyyaa irraa gara beekumsaa fi qorannoo gadi fagootti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan, abbootii qabeenyaa fi ummanni pirojektoota misoomaa eegalaman gara baadiyyaatti babal’isuun badhaadhina biyyattii dhugoomsuuf waliin hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 17855
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015