ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Guddinni hatattamaa fi ammayyaa’uun magaalaa Finfinnee sadarkaa magaalaa idil addunyaa kan guutudha-Lammii biyya zumbaabuwee seenaatara Daagilaas Miwonzoraa
Nov 6, 2026 38
Onkoloolessa 27/2019 (ENA)- Guddinni hatattamaa fi ammayyaa’uun magaalaa Finfinnee sadarkaa magaalaa idil addunyaa kan guutu ta’uu pirezidaantiin paartii sosochii jijjiirama demokiraatawaa Zimbaabuwee (Movement for Democratic Change) seenaatara Daagilaas Miwonzoraa ibsan. Yaa’iin paartilee siyaasaa Afriikaa lammaffaan Finfinneetti gaggeeffamaa jiru itti fufeera. Pirezidaantiin Paartii Jijjiirama Dimookiraasii Zimbaabuwee, seenaatara Daagilaas Miwonzoraa, guddinni saffisaa fi bifa ammayyaa Finfinnee sadarkaa magaalota addunyaa akka guutu ta’uu ibsaniiru. Seenaatarichi hirmaataa Walgahii Paartilee Siyaasaa Afrikaa lammaffaa ta’uun Finfinnee kan daawwatan yoo ta’u, guddina bu’uuraalee misoomaa fi jijjiirama magaalattii keessatti argan dinqisiifataniiru. Pirezidaantiin paartichaa waa’ee walgahichaa ilaalchisee yaada kennaniin, yeroo buufata xiyyaaraa ga’an irraa eegalee simannaa fi simannaan isaaniif taasifame baay’ee akka isaan dinqisiise dubbatan. Keessumaa ijaarsi bu’uuraalee misoomaa biyyattii keessatti gaggeeffamaa jiru sadarkaa ajaa’ibsiisaa irra ga’uu isaa kan ibsan bakka bu’aan kun, magaalattiin bifa magaalota biyyoota guddatan fi badhaadhanii wajjin wal madaalaa akka jirtu arguu isaanii ibsaniiru. Haala waggoota muraasa dura ture yaadachuun, jijjiiramni saffisaa yeroo gabaabaa keessatti galmaa’e baay’ee akka isaan dinqisiise, akkasumas wanti Itiyoophiyaa keessatti argan abdii fi kaka’umsa guddaa akka isaanitti uume ibsaniiru. Dabalataanis, qulqullinni ijaarsa bu’uuraalee misoomaa sadarkaa olaanaa irra ga’uu isaa olitti magaalaan Finfinnee baay’ee qulqulluu fi bareedduu ta’uun ishee xiyyeeffannoo isaanii akka hawate ibsanii, yeroo turtii isaanii keessatti baay’ee gammadaa ta’uu isaanii Seenaatarichi dubbataniiru.
Abbaan taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa waraqaa raga eyyama tajaajila biroodkaastii miidiyaa korporeeshinii Tigraayi kenne
Nov 6, 2026 45
Onkoloolessa 27/2019 (ENA) – Abbaan taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa moggaasa haaraan beekamtii seera qabeessa kan kenneef tajaajila biroodkaastii miidiyaa korporeeshinii Tigraayiif waraqaa raga eyyamaa kenneera. Daarektarri Olaanaa abbaa taayitichaa Aadde Hayimaanoot Zallaqaa ragaa hayyamaa kana itti gaafatamaa dhimma siyaasaa fi gurmaa'insa ummataa bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay obbo Radaa’ii Halafoomiif dabarsaniiru. Kana malees, qaqqabummaa odeeffannoo ummataa mirkaneessuu, dandeettii ogeessotaa cimsuu fi deeggarsa teeknikaa miidiyaaf kennuu irratti mariin taasifameera. Obbo Radaa’iin bulchiinsi yeroo naannichaa nageenya waaraa, tasgabbii fi hojiiwwan misoomaa saffisiisuuf qaqqabummaa odeeffannoo ummataa mirkaneessuuf hojjechaa akka jiru ibsaniiru. Akkasumas, korporeeshinichi deeggarsa miidiyaaf taasisaa jiru akka itti fufu gaafataniiru. Aadde Hayimaanoot Zallaqaan gama isaaniin, miidiyaalee naannichaa seerota biyyaalessaa, faayidaa biyyaalessaa, ijaarsa nageenyaa fi naamusa ogummaa gaazexeessummaa irratti leenjii kennuuf karoorfamuu ibsaniiru. Leenjiin kun giddugala loojistikii fi gahumsa miidiyaa Itoophiyaa keessatti kan kennamu ta'uu eeruun, deeggarsi teeknikaa miidiyaaleef taasifamuus cimee akka itti fufu mirkaneessaniiru.
Itiyoophiyaan milkaa’ina misoomaa guddina waaraa Itiyoophiyaa mirkaneessan galmeessisaa jirti
Nov 6, 2026 97
Onkoloolessa 27/2019 (ENA)-Itiyoophiyaan misooma Invastimanrii anniisaa, Industirii fi hojiilee oomishtummaarratti hojii hojjetteen milkaa’inoota guddina fulla’aa mirkaneessan galmeessisaa akka jirtu dura teessuun wiirtuu bulchiinsa Afriikaa Benediktaa Laasii ibsan. Dura teessuun kun kana kan ibsan yaa’ii paartilee siyaasaa Afriikaa 2ffaa bakka ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad arganaitti gaggeeffamerrattidha. Dura tessuun ku akka ibsanitti, guddini oomisha Itiyoophiyaa biyya keessaa yeroo yerootti jijjiirama agarsiisaa dhufuusaa eeraniiru. Yaa’iin kun yaadannoo injifannoo Adwaatti gaggeeffamuunsaa Itiyoophiyaan mirga carraa ofii murteeffachuu Afriikaaf fakkeenya ta’uushee agarsiisa jedhaniiru. Kana malees Paartileen aangoo qabachuusaaniin dura hojii mootummaaf qophii ga’aa gochuu, dhaabbilee qorannoo fi qu’annoo cimsuu akka qaban hubachiisaniiru. Afriikaan hanqina faayinaansii misoomaa qabaattus qabeenya guddaa akka qabdu eeranii, paartileen dhaabbileen bulchiinsaa fi dhaabbileen idil addunyaa tumsaan hojjechuu akka qaban ibsaniiru. Akkasumas ajandaa 2063 fi walii galtee naannoo daldala bilisaa Afriikaa hubachuun murtoowwan murteeffaman mootummoonni yoo jijjiiramanis akka itti fufan paartileen qoodasaanii akka bahan hubachiisaniiru. Hirmaannaan dubartootaa fi dargaggootaa cimuu akka qabu cimsanii dubbataniiru. Yaa’icha kan qopheessan mootummaa Itiyoophiyaa fi paartii badhaadhinaa galateeffataniiru.
Paartiin Badhaadhinaa falaasama Ida’amuun hogganamu kaayyoo biyyalessaa gamtaaf waloon hojjechuuf qajeeltoo kan godhateedha
Nov 6, 2026 68
Onkoloolessa 27/2019 (ENA): Itoophiyaatti Paartiin Badhaadhinaa falaasama ida’amuutiin hoogganamu kaayyoo biyyalessaa gamtaan waloon hojjechuu qajeeltoo kan godhate ta’uu Pirezidaantiin paartichaa fi Ministirri Mummee doktar Abiyyi Ahimad ibsan. Yaa’iin Paartiilee siyaasaa Afriikaa 2ffaan mata duree "Guddina hoogganuu'' galma yaadannoo Injifannoo Adwaatti gaggeeffamuu eegaleera. Pirezidaantiin Paartii Badhaadhinaa fi Ministirri Mummee FDRI Doktar Abiyyi Ahimad wayita sana akka jedhanitti; lammiileen jireenya fooyya’aa akka jiraataniif paartiileen siyaasaa itti gaafatamummaa biyyalessaa guddaa qabu. Paartiileen siyaasaa ummata biratti amantaa yoo dhaban akka paartiittis ta’ee akka siyaasaatti ni kasaaru jedhaniiru. Itoophiyaatti Paartiin Badhaadhinaa falaasama Ida’amuun hoogganamu kaayyoo waloo tokkoof waliin hojjechuu qajeeltoosaa kan godhate ta’uu ibsaniiru. Paartiin Badhaadhinaa Itoophiyaanota naannoowwan garagaraarraa dhufanii gaaddisa Itoophiyaawwaniitiinn walitti qabamuun paartii biyyalessaa uuman ta’uu dubbataniiru.
Afriikaa keessatti taayitaa karaa heera mootummaan alaa to’achuuf yaaluun altasgabbii fi walitti bu’iinsaaf karaa bana
Nov 6, 2026 71
Onkoloolessa 27/2019 (ENA)- Afriikaa keessatti taayitaa karaa heera mootummaan alaa to’achuuf yaaluun altasgabbii fi walitti bu’iinsaaf karaa kan banu ta’uu dura taa’aan komishinii gamtaa Afriikaa Mahammud Alii Yuusuuf ibsan. Yaa’iin paartilee siyaasaa Afriikaa 2ffaan mata duree “guddina hogganuun paartileen siyaasaa akka maandisoota dinagdee Afriikaa egeree” jedhuun yaadannoo Injifannoo Adwaa gaggeeffamuu eegaleera. Dura taa’aan komishinii gamtaa Afriikaa Mahammud Alii Yuusuuf akka ibsanitti, Paartileen siyaasaa Afriikaa ummataa fi dhaabbilee jidduutti akka riqichaa ta’uun tajaajiluu qabu. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad mul’ata siyaasaa jijjiirama Afriikaaf uumaniif galata qabu jedhaniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 sirni bulchiinsa demokiraasii Afriikaa keessatti sirna siyaasaa qindaa’aa uumuu akka qaban tumamuusaa ibsaniiru. Paartileen siyaasaa Afriikaa tajaajila ummataa imaammataan deeggarame kennuu qabu kan jedhan dura taa’aan komishinii gamtaa Afriikaa Kanaan alattis ummataa fi dhaabbilee jidduutti riqicha ta’uu akka qaban ibsaniiru. Paartileen gaggeessitoonni filannoo amanamaa bulchiinsa heera mootummaa irraa madde qopheessuu qabu jedhaniiru. Mariif waliin dubbachuun paartilee jidduutti murteessaa ta’uu ibsanii, Afriikaa keessatti taayitaa karaa heera mootummaan ala to’achuuf yaaluun sirrii miti jedhaniiru. Kun ta’uunsaa walitti bu’insaa fi altasgabbiif karaa kan banu ta’uusaa eeranii, gamtaan Afriikaa adeemsa heera mootummaan ala adeemamu cimsee akka balaaleffatu ibsaniiru.
Siyaasa

Yaa’ii Paartiilee siyaasaa Afrikaa 2ffaa cinaatti Durataa'aa Komishinii Gamtaa Afrikaa Kabajamoo Mahaammud Alii Yuusuf wajjin mari’anneerra- Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad
Nov 6, 2026 67
Onkoloolessa 27/2019 (ENA)-- Ministirri Muummee Dr.Abiyyi Ahimad Yaa’ii Paartiilee siyaasaa Afrikaa 2ffaa cinaatti Durataa'aa Komishinii Gamtaa Afrikaa Kabajamoo Mahaammud Alii Yuusuf wajjin mari’anneerra jechuun ibsan. Mariisaaniin Haala Bulchiinsa Riijinii , adeemsota siyaasaa hammataa, dhimmoota misoomaa yeroo dheeraa xiyyeeffannoo argachuu qaban akkasumas gaggeessummaa Afrikaa cimsuurratti walii-galtee bal’inaan mari’anneerrajechuun ergaa fuula miidiytaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin ibsaniiru.
Hirmaattonni yaa’ii Paartilee Siyaasaa Afrikaa 2ffaa Waajjira Muummee Paartii badhaadhinaa daawwataniiru
Nov 5, 2026 391
Onkoloolessa 26/2019 (ENA)- Hirmaattonni yaa’ii Paartilee Siyaasaa Afrikaa 2ffaa, yaa’iisaa akka ardiitti Finfinneetti gaggeessaa jiran cinaatti, Waajjira Muummee Paartii Badhaadhinaa daawwataniiru. Daawwannichaa irratti Daayirektarri Olaanaa Dhimmoota Hariiroo Idil-addunyaa Paartii Badhaadhinaa Obbo Nabiyyuu Sihuul garee jila daawwannaa kanaaf ibsa kennaniiru. Daayirektarri Olaanaa kun ibsa isaaniin caasaa gurmaa'inaa, hojiiwwan siyaasaa fi riifoormii Paartii Badhaadhinaa, akkasumas yaadama Ida'amuu bu'uura godhachuun Itoophiyaan dameewwan hawaasummaa fi dinagdee keessatti milkaa'inoota itti fufiinsa qaban galmeessaa jirtu ibsaniiru. Hirmaattonni yaa’ichaa waajjira muummee paartichaatti turtii taasisan keessatti sochii hojii waliigalaa paartichaa, sirna hojii ammayyaa fi caasaa dijitaalaa isaa daawwataniiru. Kana waliin walqabatee, paartilee siyaasaa gidduutti tumsa ardii fi hariiroo gama hundaan jiru cimsuun kan danda'amu irratti dhimmoota ijoo waliinii ilaalchisee mariin bu'aa qabeessa ta'e gaggeeffameera. Hirmaattonni yaa’ichaa gama isaaniitiin ibsa waliigalaa waajjira muummee paartichaa keessatti isaaniif kennameen gammachuu itti dhaga'ame ibsaniiru. wal-Jijjiirraan muuxannoo akkanaa biyyoota Afrikaa gidduutti walitti dhufeenya siyaasaa fi misoomaa sadarkaa olaanaatti ceesisuuf gahee guddaa akka qabu hubachiisaniiru. yaa’iin Paartilee Siyaasaa Afrikaa, dhaabbilee siyaasaa fi hoggantoota siyaasaa garaagaraa ardichaa keessatti argaman gidduutti tumsa cimsuu, ijaarsa sirna dimokiraasii saffisiisuu fi misooma waliinii Afrikaa gara fuulduraa bocuuf waltajjii ijoo ta'uun isaa ni beekama.
Humni Galaanaa Itiyoophiyaa galaana, qilleensaa fi lafa irratti ergama raawwachuu isa dandeessisurra jira
Nov 5, 2026 354
Onkoloolessa 26/2019 (ENA)-Humni Galaanaa Itiyoophiyaa galaana, qilleensaa fi lafa irratti ergama kennameef raawwachuu isa dandeessisurra jiraachuu miseensonnii fi hoggantoonni humna galaanaa ibsan. Kutaaleen humna galaanaa naannoo Hidha Haaromsaa Guddicha Itiyoophiyaa jiran sochiiwwan seeraan alaa naannichatti uumamuu danda’an dhabamsiisuuf hojiiwwan nageenyaa qindoominaan raawwachaa jiru. Itti gaafatamaan Miidiyaa Humna Galaanaa Itiyoophiyaa Komaandar Kaasaahuun Kidaanee akka ibsanitti, Itiyoophiyaan hulaa galaanaa qofa osoo hin taane, humna galaanaa ishees haala sirrii hin taaneen dhabdee turte. Erga riifoormiin Raayyaa Ittisa Biyyaa taasifamee as humni galaanaa haaraa gurmaa’uun, galaana, qilleensaa fi lafa irratti ergama guutuu raawwachuu kan danda’u ta’ee ijaarameera jedhaniiru. Hooggantoonniifi miseensonni humna galaanaa naannolee hojii hundatti argaman, seera idil-addunyaa hordofuun hojii barbaachaa fi lubbuu baraaruu galaana irratti raawwatamuuf qophii gahaa irra jiraachuu ibsaniiru. Kana malees, humni galaanaa itti gaafatamummaa kennameef gahumsaan bahachuuf qophii qaamaa fi sammuu taasisuu isaa ibsaniiru. Leenjiin qindaa’aan galaanaa, qilleensaa fi lafa irratti kennamaa jiru, gara fuulduraatti gara hula galaanaa Itiyoophiyaa yeroo deebinu hojii barbaachaa fi lubbuu baraaruu galaana irratti xiyyeeffate ta’uu odeeffannoon Miidiyaa Onlaayinii Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa ni mul’isa.
Dhaabbileen miidiyaa fi ogeeyyiin miidiyaa faayidaa biyyaalessaaf dursa kennuu qabu
Nov 5, 2026 264
Onkololessa 26/2019 (ENA): Daarektarri Olaanaa Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa fi Dura Taa’aan Boordii Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Itiyoophiyaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen, miidiyaalee fi ogeessonni miidiyaa hojii isaanii keessatti faayidaa biyyaalessaaf dursa kennuu akka qaban ibsaniiru. Sirni eebbaa Giddugala Gahumsa Miidiyaa Itiyoophiyaa Abbaa Taayitaa Miidiyaa Itoophiyaan ijaarame gaggeeffamaa jira. Sirna eebbaa kanarratti Daarektarri Olaanaa Tajaajila Odeeffannoo fi Nageenya Biyyaalessaa fi Dura Taa’aan Boordii Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Itiyoophiyaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen, miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Ummatootaa fi hoggantoonni miidiyaa adda addaa, akkasumas keessummoonni affeeramanii argamaniiru. Giddugalichi dandeettii damee gaazexeessummaa fi miidiyaa cimsuuf kan kaayyeffate yoo ta’u, beekumsa, dandeettii fi naamusa gaazexeessitootaa fi hoggantoota miidiyaa fooyyessuunis kaayyoo isaa keessaa isa tokkodha. Qorannoodhaan damee miidiyaa deeggaruun leenjii itti fayyadama teeknooloojii guddisu argachuun galma giddugalichaa isa biraati. Oduu sobaa fi haasaa jibbiinsaa adda baasuuf ummataaf hubannoo uumuun hojiiwwan giddugalichi raawwatu keessaa isa tokko. Ambaasaaddar Reedwaan Huseen, akka ibsanitti Bilisummaan dubbii itti gaafatamummaa waliin wal cinaa deemuu qaba jedhan. Ambaasaaddarichi akka jedhanitti, mootummaan haala mijataa uumuuf waan guddaa hojjechuu eeranii; adeemsa kana keessatti warri seera hordofan yoo jiraatanillee muraasni seera bu’uuraa hin hordofne akka jiran hubachiisaniiru. Hojimaata diriirfameen alatti qaamota hojjetan hordoffiin seeraan akka walsimsiisu taasifamaa jira jedhan. Ogeeyyiin miidiyaas ta’e dhaabbileen hojii isaanii tamsaasuun dura fedhii Itiyoophiyaa fi dantaa ummataatiin madaalamuu akka qaban cimsanii dubbataniiru. Adeemsa ijaarsa biyyaa keessatti gaheen ijaarsa miidiyaa murteessaa ta’uu hubachiisuu, kana keessatti dhaabbilee fi ogeessonni miidiyaa gahee olaanaa akka qaban ibsaniiru. Daarektarri Olaanaa Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Itiyoophiyaa Haymaanot Zallaqaa gama isaaniitiin giddugalichi leenjii kennuuf qophii xumuruusaa akeekuun, yeroo dhiyootti leenjii kennuu akka eegalu ibsaniiru. Kanaafis moojuulonni leenjii barbaachisoo ta’an qophii ta’uu ibsanii, leenjiin hubannoo namtolcheen gargaaramanis ni kennama jedhaniiru. #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa #Mootummaa Ida’amuu
Ministirri dhimma alaa Dr. Geediyoon Ximootiwoos ergamaa addaa Chaayinaa dhimmoota Afriikaa waliin mari’atan
Nov 4, 2026 551
Onkoloolessa 25 /2019 (ENA)- Ministirri dhimma alaa Dr. Geediyoon Ximootiwoos ergamaa addaa Chaayinaa dhimmoota Afriikaa Liiyuu Shiiyanfan waajjirasaaniitti simatanii waliin mari’ataniiru. Ministirichi nagaa fi tasgabbii gaanfa Afriikaa yeroo ammaa irratti ergamaa addaa kanaaf ibsa taasisuusaanii odeeffannoon ministeera dhimma alaa ni mul’isa. Ergamaa addaa Chaayinaa dhimmoota Afriikaa Liiyuu Shiiyanfan gamasaaniin, Chaayinaan nagaa fi tasgabbii Afriikaarratti shoora barbaachisu bahachuuf kutannooshee ibsiteetti.

Hawaasummaa
Abbaan taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa waraqaa raga eyyama tajaajila biroodkaastii miidiyaa korporeeshinii Tigraayi kenne
Nov 6, 2026 45
Onkoloolessa 27/2019 (ENA) – Abbaan taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa moggaasa haaraan beekamtii seera qabeessa kan kenneef tajaajila biroodkaastii miidiyaa korporeeshinii Tigraayiif waraqaa raga eyyamaa kenneera. Daarektarri Olaanaa abbaa taayitichaa Aadde Hayimaanoot Zallaqaa ragaa hayyamaa kana itti gaafatamaa dhimma siyaasaa fi gurmaa'insa ummataa bulchiinsa yeroo naannoo Tigraay obbo Radaa’ii Halafoomiif dabarsaniiru. Kana malees, qaqqabummaa odeeffannoo ummataa mirkaneessuu, dandeettii ogeessotaa cimsuu fi deeggarsa teeknikaa miidiyaaf kennuu irratti mariin taasifameera. Obbo Radaa’iin bulchiinsi yeroo naannichaa nageenya waaraa, tasgabbii fi hojiiwwan misoomaa saffisiisuuf qaqqabummaa odeeffannoo ummataa mirkaneessuuf hojjechaa akka jiru ibsaniiru. Akkasumas, korporeeshinichi deeggarsa miidiyaaf taasisaa jiru akka itti fufu gaafataniiru. Aadde Hayimaanoot Zallaqaan gama isaaniin, miidiyaalee naannichaa seerota biyyaalessaa, faayidaa biyyaalessaa, ijaarsa nageenyaa fi naamusa ogummaa gaazexeessummaa irratti leenjii kennuuf karoorfamuu ibsaniiru. Leenjiin kun giddugala loojistikii fi gahumsa miidiyaa Itoophiyaa keessatti kan kennamu ta'uu eeruun, deeggarsi teeknikaa miidiyaaleef taasifamuus cimee akka itti fufu mirkaneessaniiru.
Sirni haqaa humna namaa ga’oomeen, teeknooloojii ammayyaa fi hojmaata gurmaa’een ijaaramaa jira
Nov 6, 2026 78
Onkoloolessa 27/2019 (ENA)- Sirni haqaa Itiyoophiyaa humna namaa ga’oomeen, dhaabbilee cimoon, teeknooloojii ammayyaa fi hojmaata gurmaa’een ijaaramaa jiraachuu daarektarri olaanaa inistiitiyuutii seeraa fi haqaa federaalaa ambaasaaddar Daggefee Bulaa ibsan. Inistiitiyuutichi mata duree Itiyoophiyaatti hammattoo seeraa abbaa seerummaa fi hojiirra oolmaasaa jedhuun qooda fudhattoota waliin simpooziyeemii marii gaggeessaa jira. Daarektarri olaanaa inistiitiyuutii seeraa fi haqaa federaalaa ambaasaaddar Daggefee Bulaa Simpooziyeemicharratti akka ibsanitti, sirni abbaa seerummaa hawaasa keessatti bu’ura cimaa kan qabu wabii kabaja heera mootummaa fi namoomaati. Sirni haqaa abbootii murtii qofaan osoo hin ta’iin dhaabbilee cimootiin,humna namaa ga’oomaa , teeknooloojii ammayyaa fi hojmaata gurmaa’een ijaaramaa akka jiru ibsaniiru. Abbootiin murtii seera hojiirra kan oolchan qofa osoo hin ta’iin utubaa cimaa hawaasa biratti wal amantaa kan eeganii fi haqa cimsanii dhaabanidha. Hawaasni ol’aantummaa seeraa eegsisuuf, sirna seeraa irratti amantaa akka qabaatuu fi sirna haqaa ammayyeessuuf, nageenya qaamolee abbaa seerummaa mirkaneessuu akkasumas sirna seeraa fi hojimaataa cimsuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. Kanaafis, dhaabbatichi qaamolee dhimmi ilaallatu waliin qindoominaan hojjechuun, hayyoota seeraa, qaamolee imaammata baasanii fi hoggantoota dhaabbilee haqaa walitti fiduun nageenya abbootii seeraa fi dhaabbilee haqaa cimsuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Hojimaata abbaa seerummaa teeknooloojii dijitaalaatiin kan deeggarame gochuun sirna odeeffannoo ammayyeessuu fi ba’aa hojii hir’isuu waan dandeessuuf, irratti xiyyeeffatanii hojjechuun barbaachisaa ta’uu akeekkachiisaniiru. Biyya Guddoo, Ummata Guddaa , Mul’ata Guddaa
Ogeeyyiin Waraanaa Niijer gola hambaa Raayyaa ittisa biyya Itoophiyaa daawwatan
Nov 6, 2026 87
Onkoloolessa 27/2019 (ENA) - Ogeeyyiin waraanaa biyyaa Niijer gola hambaa Raayyaa ittisa biyya Itoophiyaa daawwataniiru. Daawwannaan kun gola hambaa waraanaa irratti muuxannoo wal jijjiiruuf kan kaayyeeffate dha. Ogeeyyonni kunneen haala yeroo ammaa gola hambaa fi gola hambaa waraanaa ammayyaa’aa fuulduratti ijaaramuuf karoorfame irratti ibsi bal'aan taasifameeraaf. daawwattoonni kunneen gama isaaniitiin,gola hambaa Niijeritti ijaaramuuf karoorfame irratti ibsa kan kennan yoo ta'u, daawwannaan kunis hojii fuulduratti hojjetaniif galtee guddaa akka ta'uuf ibsaniiru. Itti gaafatamaan Kutaa man kuusaa fi mana Kitaaba Waraanaa gola hambaa Raayyaa Ittisa Biyya Itoophiyaa Koloneel Tasfaayee Taaddasaa keessummoonni kunniin wanta arganitti gammaduu isaanii ibsuun, dhimmoota fuulduratti waliin hojjetan irratti mari'achuu isaanii dubbataniiru. Daawwannaan kun hubannoo waa'ee seenaa Raayyaa Ittisa Biyya Itoophiyaa qaban akka isaaniif gabbise ibsaniiru. dursaan garee ogeeyyii kanaa Koloneel Siniyar Hamduu Dijiboo gola hambaan Niijeritti ijaaramuuf hojiif muuxannoo guddaa argachuu isaanii ibsaniiru. Dabalataanis, fuulduratti wajjin ta'uudhaan hojiilee hedduu waliin akka hojjetan ibsuu isaanii ragaan Raayyaa Ittisa Biyyaarraa argame ni mul'isa.
Dippilomaatonnii fi bakka bu’oonni dhaabbilee addunyaa wiirtuu haaromsaa hidhattoota duraanii naannoo Tigraayi daawwatan
Nov 5, 2026 184
Onkoloolessa 26/ 2019 (ENA)-Bakka bu’oonni mootummoota gamtoomanii fi Itiyoophiyaatti ambaasaaddaroonni biyyoota garagaraa wiirtuu leenjii haaromsaa fi deebisanii damdamachiisuu hidhattoota duraanii naannoo Tigraayitti argamu daawwataniiru. Wiirtuun Maqalee Kanaan dura naannichatti leenjiin haaromsaa fi deebisanii damdamachiisuu hidhattoota duraanii simatee keessummeessaa akka jiru ibsameera. Yeroo ammaa hidhattoonni duraanii kuma 5 fi 300 wiirtuuwwan kana keessatti leenjii haaromsaa leenji’aa jiru. Leenjiin haaromsaa kun hidhattoota duraanii hawaasatti makuun, jireenya idileesaanii akka jiraatan taasisuun gamatti ijaarsa nageenya biyyaa waaraaf gumaacha guddaa gochaa jiraachuun beekameera. Komishinarii komishinii haaromsaa biyyaalessaa Tamasgeen Xilahuun dabalatee hoggantoonni komishinichaa daawwannaa kanarratti argamaniiru.
Diinagdee
Guddinni hatattamaa fi ammayyaa’uun magaalaa Finfinnee sadarkaa magaalaa idil addunyaa kan guutudha-Lammii biyya zumbaabuwee seenaatara Daagilaas Miwonzoraa
Nov 6, 2026 38
Onkoloolessa 27/2019 (ENA)- Guddinni hatattamaa fi ammayyaa’uun magaalaa Finfinnee sadarkaa magaalaa idil addunyaa kan guutu ta’uu pirezidaantiin paartii sosochii jijjiirama demokiraatawaa Zimbaabuwee (Movement for Democratic Change) seenaatara Daagilaas Miwonzoraa ibsan. Yaa’iin paartilee siyaasaa Afriikaa lammaffaan Finfinneetti gaggeeffamaa jiru itti fufeera. Pirezidaantiin Paartii Jijjiirama Dimookiraasii Zimbaabuwee, seenaatara Daagilaas Miwonzoraa, guddinni saffisaa fi bifa ammayyaa Finfinnee sadarkaa magaalota addunyaa akka guutu ta’uu ibsaniiru. Seenaatarichi hirmaataa Walgahii Paartilee Siyaasaa Afrikaa lammaffaa ta’uun Finfinnee kan daawwatan yoo ta’u, guddina bu’uuraalee misoomaa fi jijjiirama magaalattii keessatti argan dinqisiifataniiru. Pirezidaantiin paartichaa waa’ee walgahichaa ilaalchisee yaada kennaniin, yeroo buufata xiyyaaraa ga’an irraa eegalee simannaa fi simannaan isaaniif taasifame baay’ee akka isaan dinqisiise dubbatan. Keessumaa ijaarsi bu’uuraalee misoomaa biyyattii keessatti gaggeeffamaa jiru sadarkaa ajaa’ibsiisaa irra ga’uu isaa kan ibsan bakka bu’aan kun, magaalattiin bifa magaalota biyyoota guddatan fi badhaadhanii wajjin wal madaalaa akka jirtu arguu isaanii ibsaniiru. Haala waggoota muraasa dura ture yaadachuun, jijjiiramni saffisaa yeroo gabaabaa keessatti galmaa’e baay’ee akka isaan dinqisiise, akkasumas wanti Itiyoophiyaa keessatti argan abdii fi kaka’umsa guddaa akka isaanitti uume ibsaniiru. Dabalataanis, qulqullinni ijaarsa bu’uuraalee misoomaa sadarkaa olaanaa irra ga’uu isaa olitti magaalaan Finfinnee baay’ee qulqulluu fi bareedduu ta’uun ishee xiyyeeffannoo isaanii akka hawate ibsanii, yeroo turtii isaanii keessatti baay’ee gammadaa ta’uu isaanii Seenaatarichi dubbataniiru.
Godina Baha Oromiyaatti hojiin misooma qabeenya Albuudaa hojjetamaa jira
Nov 6, 2026 122
Onkololeessa 27/2019( ENA)-- Godina Baha Oromiyaatti qabeenya albuudaa misoomsudhaan bu’aa dinagdee isaanii guddisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Waajjirri Albuudaa fi Inarjii Godinichaa beeksise. Qabeenyawwan albuudaa adda addaa godinichatti argaman adda baasuun hojii misoomaa cimsanii gara oomishaatti akka galan akkasumas abbootiin qabeenyaa damee kana keessatti bal’inaan akka hirmaatan taasifamaa jiraachuun ibsameera. Ogeettiin kenninsa hayyama Albuudaa Waajjirri Albuudaa fi Inarjii Godinichaa Aadde Misraa Usoo ENA’f akka ibsanitti, qabeenya Albuudaa bal'inaan godinichatti bakkeewwan 7 keessatti argamu guutummaa guutuutti misoomsuuf tattaaffiin taasifamaa jira. Qabeenya Albuudaa bal'inaan bakka itti argamu Aanaalee Ciroo, Xuulluu, Doobbaa, Gammachiis, Daaroo Labuu, Haawwii Gudinaa, Mi’eessoo fi Gumbii Bordoddee keessatti bakkeewwan Albuudaa Iskuweer kiloomeetirii 407 ol ta'an adda baafamaniiru. Aanaalee kana keessattis abbootiin qabeenyaa 12 hayyama Albuudaa fudhatanii oomisha eegaluu isaanii dubbataniiru. Aanichatti kanneen akka dhagaa cilee, dhagaa gurraachaa fi adii, taantaalamii, baazaaltii, royyaaliitii fi kkf bal'inaan kan argaman yoo ta'u, abbootiin qabeenyaa damee kanaan bal'inaan akka hirmaatan hojjetamaa jiraachuu eeraniiru. #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa
Misoomni Qamadii jallisii bonaa wabii nyaataa biyyaa fi bilisummaa dinagdeef qooda guddaa qaba
Nov 6, 2026 69
Onkoloolessa 26/2019 (ENA)- Godina lixa Oromiyaa aanaa Guutoo Giddaatti ganda baadiyyaa ukeetti misooma Qamadii jallisii bonaa babal’isuuf sagantaan facaasaa gaggeeffame. Bakka bu’aan waajjira qonnaa godina lixa Oromiyaa obbo Koorsaa Waaqjiraa akka ibsanitti, misoomni Qamadii jallisii bonaa wabii nyaataa mirkaneessuurra darbee dinagdee qonnaan bulaa guddisuu fi galmoota damee qonnaa murteessaadha. Hogganaan waajjira qonna fi lafaa aanaa Guutoo Giddaa obbo Alamaayyoo Mulaatuu gamasaatiin, bara kana aanichatti lafa hektaara kuma 18 ol jallisiin misoomsuuf karoorfamee ganda Ukeetti lafa hektaara kuma 12 irratti facaasaan Qamadii eegalamuu ibsaniiru. Aanichatti qonnaan bultoota Qamadii kilaastaraan misoomsaa jiran keessaa qonnaan bulaan Alamaayyoo Waaqtolaa lafa hektaara 12 irratti misoomsuuf qophaa’uusaanii fi gorsa ogeeyyotaa fi galteetti gargaaramuun oomishtummaasaanii guddiduuf hojjechaa jiraachuu dubbataniiru. Qonnaan bulaa Balaayi Hiikaa ammoo itti fayyadama jallisii fooyyessuudhaan teeknooloojiiwwan fooyya’ootti gargaaramuun oomisha guddisuu tattaafachaa akka jiran ibsaniiru. Misoomni Qamadii jallisii bonaa galii fi sadarkaa jireenyaa qonnaan bultootaa fooyyessuun gamatti birmadummaa nyaataa biyyaa fi bilisummaa dinagdee cimsuuf murteessaa ta’uun ibsameera.
Itiyoophiyaa fi Chaayinaan hojii dabalataa toora baaburaa Itiyoo-Jibutiif kan oolu walii galtee deeggarsa maallaqaa mallatteessan
Nov 5, 2026 227
Onkololessa 26/2019 (ENA)- Itiyoophiyaa fi Chaayinaan hojii dabalataa toora baaburaa Itiyoo-Jibutii hojjechuuf kan oolu walii galtee deeggarsa maallaqaa mallatteessaniiru. Haala walii galtee mallatteeffameetiin toorri baaburaa kun fulla’insa, amansiisummaa fi saffisa hojii guddisuuf kan oolu doolaarri miil. 15 deeggarsa ni taasifama. De’eetaan ministira maallaqaa Tigisti Fissahaa fi Itiyoophiyaatti dippilomaatiin olaanaa embaasii Chaayinaa Liiyuu Ziiya’oguwaangi walii galtee kana mallatteessaniiru. Deeggarsi maallaqaa kun baabura elektiriikii guutummaatti hojiitti galchuuf kan gargaaran meshaawwan jijjiiramaa, nageenya toora muummee kan deeggaran meeshaalee hadiidaa fi buufataalee of keessatti qabata. Kana malees maashinaroonni sakatta’insaa fi suphaa hadiidaa idileef ajaajilan ni dhiheessu. Walii galteen kun tumsa misoomaaa fi dinagdee Itiyoophiyaa fi Chaayinaa kan agarsiisu ta’uu odeeffannoon ministeera maallaqaa ni mul’isa.
Saayinsii fi teeknooloojii
Sirni eebbaa wiirtuu ga’oomaa miidiyaan Itiyoophiyaa gaggeeffamaa jira
Nov 5, 2026 223
Onkoloolessa 26/2019 (ENA)- Sirni eebbaa wiirtuu ga’oomaa miidiyaa Itiyoophiyaa abbaan taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa ijaarsise gaggeeffamaa jira Daarektar jeneraaliin tajaajila odeeffannoo fi nageenyaa biyyaalessaa fi walitti qabaan boordii abbaa taayitaa miidiyaalee Itiyoophiyaa ambaasaaddar Reedwaan Huseen, miseensonni mana maree bakka bu’oota ummataa, hoggantoonni miidiyaalee garagaraa fi keessummoonni afeeraman sirna eebbaa kanarratti argamaniiru. Wiirtuun kun dandeettii gaazexeessummaa fi dame miidiyaalee gabbisuuf kan akeekame yoo ta’u, bekumsa, ogummaa fi sadarkaa naamusa gaazexessitootaa fi hoggantoota miidiyaalee fooyyessuun kaayyoowwan hundeeffameef keessaayyu. Damee kana qorannoo fi leenjiin deeggaruun akkasumas leenjiiwwan itti fayyadama teeknooloojii miidiyaa guddisan leenjisuun kaayyoo wiirtuu kanaati. Keessummoonni sagantaa kanarratti hirmaatan wiirtuu kana irra deemanii daawwataniiru.
Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob magaalaa Maqaleetti eegalamuufi
Nov 2, 2026 604
Onkoloolessa 23/2019 (ENA) -Naannoo Tigraayi magaalaa Maqaleetti tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob eegalchiisuuf qophiin eegalamuu hojii raawwachiisaan olaanaa tajaajila Masoob Yoonaas Alamaayyoo ibsan. Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob teeknoooloojii man-dhaleetti gargaaramuun tajaajiloota dhaabbilee moorummaa gaaddisa tokko jalatti walitti fiduun ummataaf kan dhiheessu ta’uu obbo Yoonaas Alamaayyoo dubbataniiru. Guutuu biyyaatti tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob 114 gahuusaa eeranii, lammiileen miil. 2 tuqaa 7 caalan tajaajila kanatti fayyadamaa akka jiran dubbataniiru. Tajaajilli kun magaalaa Maqaleettis hatattamaan akka eegalamu ni hjjetama jedhaniiru. Tajaajiloota dhaabbileen mootummaa kennan bakka tokkotti fiduun ammayyeessuudhaan hojmaata badaa hir’isuu fi itti quufinsa maamiltootaa guddisuuf wiirtuun kun gumaacha guddaa akka qabu kantiibaan bulchiinsa magaalaa Maqalee Dr. Shiishaayi Amaaree ibsaniiru. Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Maqalee Dr. Shiishaayi Amaaree Onkoloolessa 17 bara 2019 irraa eegalee obbo Simi’oon Tasfaamaariyam hogganaa tajaajila wiirtuu tokkoo magaalaa Maqalee akka ta’an muuduunsaanii ni yaadatama.
Bulchiinsa magaalaa Adaamaatti tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob babal’isuuf xuyyeeffatameera
Nov 1, 2026 451
Onkoloolessa 22/2019 (ENA)- Bulchiinsa magaalaa Adaamaatti tajaajila dijitaalaa wiirtuu tokkoo Masoob babal’isuuf xuyyeeffatamuu tajaajilli wiirtuu tokkoo magaalichaa beeksise. Bulchiinsa magaalaa Adaamaatti hawaasni bakka jirurraa karaa intarneetii tajaajila akka argatu kan gargaaru tajaajila wiirtuu tokkoo dijitaalaa Masoob babal’isuuf xiyyeeffatamee hojjetamaa jiraachuu qindeessaan tajaajila wiirtuu tokkoo magaalichaa obbo Makuraa Dinquu ibsaniiru. Yeroo ammaa magaalattii fi kutaalee magaalaa sadii keessatti wiirtuulee tajaajila Mesob banaman keessatti kanneen akka lafa, hayyama ogummaa, galii fi baankii dabalatee tajaajiloonni 138 teeknooloojii ammayyaatiin kennamaa akka jiran kaasaniiru. Kurmaana jalqabaa bara baajataa kanatti, tajaajila hayyama daldalaa (E-TRADE) qofaan maamiltoonni kuma 37 karaa intarneetii bakka jiranitti tajaajila argachuusaanii kaasaniiru. Tajaajilicha kutaalee magaalaa hunda keessatti qaqqabamaa taasisuuf gamoowwan ijaaramaa kan jiran yoo ta’u, hanga walakkaa lammaffaa bara baajataatti tajaajiloota hunda karaa intarneetii kennuu fi tajaajila bakkaa bakkatti deemuun kennamu jalqabuuf hojjetamaa jira jedhaniiru. Hawaasni magaalattii ENA’f yaada kennan wiirtuun Masoob tajaajiloonni wiirtuu tokkotti kennaman deddeebii, yeroo qisaasamuu fi malaammaltummaa hir’isuu isaa ibsaniiru. Obbo Gadiyoon Maaree hayyama babal’ina invastimantii gaafachuuf gara wiirtichaa dhufuu isaanii ibsanii, kanaan dura tajaajila mootummaa argachuuf waajjira irraa gara waajjiraatti deddeebi’uun yeroo dheeraa akka fudhatu, amma garuu tajaajila saffisaa fi bu’a qabeessa argachaa akka jiran dubbataniiru. Aadde Tasfuu Birruu gama isaaniitiin, dhimma taatee bu’uraa isaanii daqiiqaa muraasa keessatti xumuruun bahuu isaanii ibsanii, saffisa fi tajaajila rakkoo deddeebii irraa bilisa ta’e argachuu isaaniitti gammaduu isaanii ibsaniiru. Maamiltoonni tajaajilichi saffisa hojii, iftoomina, itti gaafatamummaa fi bulchiinsa gaarii cimsuuf murteessaa ta’uu ibsuun, cimee akka itti fufu gaafataniiru.
Itoophiyaan yakkoota daangaa ce'an ittisuuf teeknoolojii qunnamtii Imaltoota Idil-Addunyaa hojiirra oolchuufi
Oct 31, 2026 548
Onkoloolessa 21/2019 (ENA) Itoophiyaan yakkoota daangaa ce'an ittisuuf yakkamtoota dabarsanii kennuuf teeknoolojii walqunnamtii imaltoota idil-addunyaa hojiirra oolchuuf ta'uu Ajajaan Waliigalaa Poolisii Federaalaa Itoophiyaa Komishinar Jeneraal Damallaash Gabramikaa’el ibsan. Sirni teeknoolojii walqunnamtii imaltoota idil-addunyaa Interpooliin hojjetame kun, shororkeessummaa fi yakkoota daangaa ce'anii raawwatanii kan dhokatan yakkamtoota seera hordofuun biyyoota miseensaatiif dabarsanii kennuuf kan dandeessisudha. Ajajaan Waliigalaa Poolisii Federaalaa Itoophiyaa Komishinar Jeneraal Damallaash Gabramikaa’el ENA'f akka ibsanitti; yakkoonni idil-addunyaa teeknoolojiidhaan deeggaruun hordofuun seeratti dhiheesuun murteessaa ta’uu ibsaniiru. Yakkoota idil-addunyaa xaxamaa ta'an kana to'achuufi yakkamtoota to'annoo jala oolchuuf dandeettii teeknoolojii yericha waliin deemu ijaaruun barbaachisaadha jedhaniiru. Teeknoolojiin kun qaamolee shororkeessummaadhaan yookaan yakka daangaa ce'u birootiin barbaadaman biyya kamiyyuu keessatti salphaatti to'achuuf ni dandeessisa jedhaniiru. Poolisiin Federaalaa Itoophiyaa yakkamtoota bakka jiranitti qabuuf Imigireeshiinii fi Daandii Qilleensaa waliin qindoomina deemu irratti hojjechaa akka jiru ibsaniiru. Teeknoolojiin kun yakkaamaan bakka kamittuu dhokachuu akka hin dandeenye kan taasisu ta'uu ibsuun; hojiirra oolchuuf adeemsa irra jira jedhaniiru.
Ispoortii
Tapha Eegamaa Har’aa Liivarpuulii fi Arsenaal waliin Taphatan
Nov 1, 2026 753
Onkololessa 22/2019 (ENA): Piriimarliigii Ingiliz torbee 9ffaa taphni Liivarpuulii fi Arsenaal har'a gaggeeffamu hawwii guddaan eegama. Taphi kilaboota lamaan gidduutti taphatamu galgala sa'aatii 1:30 irratti Istaadiyeemii Anfildi Rood keessatti gaggeeffama. Liivarpuul bara kana taphoota saddeet taphate keessaa 4 injifachuun tapha tokko mo'amuun, tapha sadii qixa bahuun isaa ni yaadatama. Arsenaal taphoota taphateen goolii 11 galchuun, goolii 8 isaanitti kan gale yoo ta’u, qabxii 15’n sadarkaa 5ffaa irra jira. Shaampiyoonaa yeroo sanaan Arsenaal taphoota 8 liigichaan taphate keessaa 7 moo'achuun al tokko mo'amuun isaa ni yaadatama. Taphoota kanaan goolii 13 kan lakkoofsise yoo ta’u, shan immoo isatti lakkaa’ameera. Arsenaal qabxii 21’n sadarkaa 2ffaa irra jira. Arsenaalii fi Liivarpuul dorgommii hanga ammaatti taasifameen yeroo 246 waliin taphataniiru. Liivarpuul yeroo 96 injifachuun olaantummaa isaa kan mirkaneeffate yoo ta’u , Arsenaal ammoo yeroo 83 injifateera. #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa #Mootummaa Ida’amuu
Haarii Keen - Injifataa Baaloondoor (Ballon d'Or) 2026 ta’e
Oct 27, 2026 1049
Onkololessa 17/2019(ENA): Taphataan sarara fuulduraa Kilaba Baayerni Muunik Haarii Keen injifataa Baaloondoor (Ballon d'Or) kan bara 2026 ta’eera. Keen badhaasa kana mo'achuudhaan taphataa lammii Ingilaandi waggaa 25 booda kabaja kana argatedha. Lammii Ingilaandi ta'ee yeroo dhihootti badhaasa kana kan injifate, Maayikil Oowen bara 2001 keessa ture. #Mootummaa Ida’amuu #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa Miseensa Maatii Miidiyaa Dijiitaalaa ENA ta’aa https://www.ena.et/web/links
Gareen biyyaalessaa Itiyoophiyaa wagga 17 gadii Waancaa Afriikaaf sadaffaa ta’ee darbuuf Ruwaandaa waliin ni taphata
Oct 19, 2026 1694
Onkoloolessa 9/2018 (ENA)- Gareen biyyaalessaa Itiyoophiyaa wagga 17 gadii gulaallii Seekaafaa Waancaa Afriikaa gitasaa Ruwaandaa waliin tapha sadarkaa har’a ni gaggeessa. sadaffaa ta’ee darbuuf Ruwaandaa waliin ni taphata Taphni garee lamaanii har’a guyyaa keessaa sa’aatii 7tti Ruwaandaa Kiigaalii Istaadiyoomii Peeleetti ni gaggeeffama. Gareen kun Ruwaandaa waliin gaggeessu yoo mo’ate Waancaa Afriikaaf darbuusaa ni mirkaneeffata. Fulbaana 30 bara 2019 irraa eegalee qopheessummaa Morookoon gaggeeffama kan ture gulaalliin Seekaafaa Waancaa Afriigaa wagga 17 gadii har’a xumurama. Biyyoonni dorgommii Kanaan tokkoffaa amma sadaffaa bahan zoonii Seekaafaa bakka bu’uudhaan Waancaa Afriikaa wagga 17ffaa wagga 17 gadii A.L.A 2027 Morookoon qopheessiturratti akka hirmaatan odeeffannoon federeeshiniinn kubbaa miilaa Afriikaa(Kaaf) ni mul’isa. Moorookoo dabalatee biyyoonni 16 dorgommii kanarratti ni hirmaatu. See less
Atileet Taammiraat Tolaa Maaratooni Beejingi qabxii olaanaa galmeessuun ta’een injifate
Oct 18, 2026 1439
Onkoololeessa 8/2019 (ENA) Atileet Taammiraat Tolaa dorgommii Maaratoonii Beejingi rikkoordii haaraa fooyyessuun injifateera. Ramaddii dubartootaatiin dorgommii gaggeeffameen immoo atileet Anchiin aaluu Dassee injifachuu dandeesseetti. Atleetoonni Itoophiyaa dorgommii maaraatoonii Beejingi kan bara 2026 kanaan, atileet Taammiraat Tolaa qabxii haaraa galmeessisuun injifannoon xumureera. Atileet Taammiraat Tolaa dorgommii kana sa’aa 2 fi daqiiqaa 03 fi sekondii 10n xumuruun, qabxii dorgommii duraanii daqiiqaa afuriin fooyyessuun dandeettii ajaa’ibsiisaa agarsiiseera.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Babal'achuun buufataalee chaarjii konkolaattota elektirikii sochii misooma turizimii fi misooma margaatiin magaalaa Bishooftuu ni gargaara
Oct 31, 2026 857
Onkoloolessa 21/2019 (ENA): Babal'achuun buufataalee chaarjii konkolaattota elektirikii magaalaa Bishooftuutti sochii turizimiifi misooma margaa fooyyessuuf ni gargaara jechuun Kantiibaan Magaalaa Bishooftuu Obbo Alamaayyoo Asaffaa ibsan. Tajaajilli Elektiriikii Itoophiyaa buufataalee chaarjii elektirikii Bishooftuu, Moojoo, Adaamaa, Baatuu fi Hawaasaa akkasumas bakkeewwan shan Finfinneetti ijaarsise eebbisiisaa jira. Kantiibaan Magaalaa Bishooftuu Obbo Alamayyoo Asaffaa sirna eebba buufataalee chaarjii elektriikii Bishooftuutti ijaaramaanii irratti haasaa taasisaniin akka ibsanitti; Bishooftuun Finfinnee irraa kiilomeetira 47 fagaattee kan argamtu, qabeenya uumamaa fi haroowwan isheetiin kan beekamtu wiirtuu turizimii fi diinagdeeti jedhaniiru. Buufataaleen magaalattiitti ijaaramaan kun konkolaattota elektirikii salphaatti chaarjii gochuuf kan dandeessisan ta'uu yaadachiisuun, imaltoonni sababoota adda addaatiin gara Bishooftuu dhufan magaalattii keessa akka turan ni gargaara jedhaniiru. Konkolaattota elektiriikii fayyadamuun fedhii boba'aa xiqqeessuuf, faalama qilleensaa hir'isuufi misooma margiisaa cimsuuf filannoo barbaachisaa ta'uu dubbataniiru. Fuulduraafis Bishooftuu fi naannoo isheetti buufataaleen chaarjii elektriikii dabalataa yeroo ijaaraman, bakka pirojektoota kanaatiif barbaachisu qopheessuu irraa eegalee hanga hojii jalqabsiisuutti bulchiinsi magaalichaa deeggarsa irraa eegamu hunda akka taasisu mirkaneessaniiru. hojii raawwachiisaa Olaanaa Tajaajila Elektriikii Itoophiyaa Injiinar Geetuu Garramaawu gamasaaniin; magaalota gurguddoo ja'a keessatti buufataaleen chaarjii saffisaa konkolaattota elektriikii ammayyaa 11 ijaaraman yeroo tokkotti konkolaattota 96 chaarjii gochuu kan danda'an ta'uu ibsaniiru. Dhaabbichi yeroo tokkotti hanga konkolaattota 150 chaarjii elektiriikii taasisuu kan dandeessisu uumuu isaas eeraniiru. Babal'achuun buufataalee chaarjii konkolaattota elektriikii fayyadama anniisaa qulqulluu jajjabeessuu bira darbee, faalama qilleensaa fi boba'aa irratti hirkattummaa jiru hir'isuuf akka gargaaru ibsaniiru. Fuulduraafis Maqalee, Baahir Daar, Gondar, Jigjigaa, Dirredawaa, Jimmaa, Arbaa Minchii fi magaalota biroo keessatti buufataalee chaarjii elektriikii dabalataa babal'isuuf karoorri qabamuu isaa beeksisaniiru. #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa
Marsareetiin Itoophiyaa beeksisu ifoome
Oct 28, 2026 858
Addunyaan Itoophiyaa maqaa qofaan ishee beeka malee haala gaariin seenaa fi qabeenya ishee sirriitti hin hubanne. Kunis karaalee ittiin Itoophiyaan beeksifamtu dhibuu isaati. Har'a garuu Marsareetiin Itoophiyaa fi qabeenya ishee addunyaatti sirriitti beeksisu ifatti eegaleera. Itoophiyaan, lafa argama buna buna bosonaa addunyaaf gumaachitedha. Maal kana qofaree Itoophiyaan bakka madda dhala namaatis. Maddi dhala namaa kuni immoo yeroo ammaa kana qilleensa qulqulluu ashaaraa magariisaa isaan dhaabeen aara galfachaa jira. Itoophiyaan laggeen ishee, qilleensaa fi humna aduu gara anniisaatti jijjiirtee of bira darbitee ollaa isheef ifa taateetti. Magaalonni Itoophiyaa miidhaganii abaaboo Afrikaa ta’anii mul’achaa jiru. Itoophiyaan fakkeenya gootummaa, Boonsituu Afriikaanotaa, sagalee tokkummaa Paan Afriikaa taateetti. Itoophiyaan qaroomina ishee durii har’as siidaan, barreeffama mataa isheen, weedduu fi sirbootaan fi pirojektii isheetiin dhalootaaf kaa’aa jirti. Atileetonni ishee miira injifannootiin bakka deeman maratti kan injifatan, Itoophiyaa fi faajjii ishee addunyaaf beeksisaniiru. Imala seena qabeessa gara ‘COP32’tti, marsariitiin kun waltajjii birmadummaa, qabeenyaa fi abdii Itoophiyaa, seenaa keenya irraa kaasee hanga raawwii keenya ammaatti, qaroomina keenya irraa eegalee hanga mul’ata egeree keenyaatti addunyaaf itti dhiheessinudha. Hambaa ishee durii beekaa; Seenaa Itoophiyaa dhugaa ba'aa! #Mootummaa Ida’amuu #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa Miseensa Maatii Miidiyaa Dijiitaalaa ENA ta’aa https://www.ena.et/web/links
Itiyoophiyaa fi Denmaark jijjiirama haala qilleensaarratti tumsasaanii akka cimsan ibsan
Oct 14, 2026 2360
Onkoloolessa 4/2019 (ENA)- Itiyoophiyaa fi Denmaark jijjiirama haala qilleensaarratti tumsasaanii caalaatti cimsuuf walii galtee mallatteessaniiru. Ministirri maallaqaa Dr. Fitsum Asaffaa fi Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Deenmaark Sunee Kiroogsitirup walii galticha mallatteessaniiru. Akkaataa walii galtee kanaatti Itiyoophiyaan jijjiirama haala qilleensaa ilaalchisee ajandaa duraa fi kallattii xiyyeeffannoo sadarkaa idil addunyaatti beeksisuu fi agarsiisuuf gootuuf Deenmaark deeggarsa maallaqaa akka taasiftu himameera. Walii galteen haaraan kun hirmaannaa Itiyoophiyaan Kanaan dura taateewwan jijjiirama haala qilleensaarratti taasisaa turterratti hundaa’uun kan raawwatame yoo ta’u michoomaa fi tumsa egeree biyyoota lamaanii caalaatti akka cimsu ibsameera.
Ergaa Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad dabarsan:
Oct 13, 2026 1647
Inistitiyuutii Metiworooloojii Itoophiyaa daawwachuuf carraa argadheen ture. Dhaabbatichi tajaajila raaga qilleensaa guutuu kennuudhaan dhaabbata humna misoomaa biyyattiif hojiiwwan murteessaa ta'an hojjechuudhaan umurii bara dheeraa qabudha. Daawwannichaan haala qilleensaafi amala qilleensaa jijjiiramaa jiru ilaalchisee haalota hubachuufi deebii kennuudhaan humna qabnu cimsuudhaaf odeeffannoo meetiriiwooloojii funaanuun, qorannoon saayinsaawaafi guddinni teknooloojii faayidaa olaanaa qabu kan mirkaneesse ta'uu argeera. Dhaabbilee akka Inistitiyuutii Metiworooloojii Itoophiyaa jiran cimsuun baay'ee barbaachisaadha. Tajaajiloota dameewwan ijoo akka qonnaa, bishaan, fayyaa, aviyeeshiniifi hooggansi hojii yaaddoo balaa itti hirkatan fooyyessuuf ijaarsa dandeettii humna namaa, teknooloojiiwwan ammayyaafi misooma bu'uraa odeeffannoo irratti qabeenya ramadanii hojechuun murteessaadha. Keessaayyuu balaawwan dursanii tilmaamuuf, naannaawwan kamitti dafanii qaqqabuun caalaatti akka barbaachisu murteessuuf akkasumas karaa wayitawaa fi bu'a-qabeessa ta'e akka sochoonu gochuuf faayidaa sirnoonni dursanii akeekkachiisuu qaban najajjabeesseera. Odeeffannoo amansiisaan gara qajeelfamoota qabatamaatti yoo jijjiiramu lubbuu baraara; qabeenya kunuunsa, akkasumas murtii fooyya'aa kennuuf gargaara. Hojiin akkasii saatalaayitii ilaaluu bira kan darbudha. Hojichi odeeffannoowwan funaanamanii, qindaawwaaniifi qaacceffamanii tarkaanfii wayitaawaa fudhachuuf akka gargaaran, buufatawwan funaansa odeeffannoofi man'ee giddugala odeeffannoo ciccimoo guutummaa biyyattiitti argaman irraattis kan hundaa'edha.
Gabaasa addaa
Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti - Itti aanaa Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa
Jun 9, 2026 24320
Waxabajji 2 /2018 (ENA): Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti jedhani itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan muummee ministiraa Pirojektoota misoomaa adda addaa magaalaa Woldiyaatti ijaaraman eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Yeroo eebba kanaatti pirojektoonni misoomaa eebbifaman imala biyyattiin gara fuulduraatti taasiftu kan agarsiisan yoo ta’u, guddinni Itiyoophiyaa eenyullee dhaabuu akka hin dandeenye kuni ragaadha jedhan. Itti aanaan ministira muummee kun ummanni magaalaa Woldiyaa finxaaleyyii fi qoqqoodinsa mormuudhaan kan beekamu ta’uu ibsuun, filannoon isaanii irra deddeebiin nagaa fi mootummaa cimaa ta’uu isaa kan argisiisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan baandota irratti qabsaa’aa jira jedhani. Waggoota 50 fi 60 darbaniif warri yaada dulloomaatiin qabaman guddina ariifataa biyyattii hubachuu akka hin dandeenyes ibsaniiru. Warri bosona keessa jiran jijjiirama guddaa biyyatti dhufe kan akka misooma koridarii, maaddii guutuu, pirojektoota misoomaa fi oomisha qamadii arguu akka hin dandeenye dubbataniiru. Misoomni koridarii magaalota keessatti gaggeeffamaa jiru dhimma bareedinaa qofa osoo hin taane magaalota ammayyeessuun sadarkaa jireenyaa ummataa ol kaasuuf kaayyoo ta’uu ibsaniiru. Magaalonni Itiyoophiyaa magaalota Baha Afriikaa fi addunyaa waliin dorgomuu akka qaban ibsaniiru; akkasumas tajaajila ammayyeessuuf tajaajilli giddugala tokkoo guutuu biyyattiitti babal’achaa akka jiru hubachiisaniiru. Manneen kitaabaa ummataa, manneen kitaabaa dijitaalaa fi kaffeewwan saayinsii magaalaa Woldiyaatti ijaaraman odeeffannoo guyyaa guyyaa irraa gara beekumsaa fi qorannoo gadi fagootti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan, abbootii qabeenyaa fi ummanni pirojektoota misoomaa eegalaman gara baadiyyaatti babal’isuun badhaadhina biyyattii dhugoomsuuf waliin hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 20320
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.