Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Magaala Shaggaritti ijaarsi Piroojektiiwwanii fi manufakchariingi industirii cimanii itti fufaniiru.
Apr 16, 2026 331
Eebila 8/2018 (ENA) : Magaala Shaggaritti ijaarsi Piroojektiiwwanii fi manufakchariingi industirii cimanii itti kan itti fufan ta’uu ibsame. Magaala Shaggaritti qopheessummaa wajjiraa inveestimentti fi industirii magaalaa Shaggariin daawannaan hojii investimenti geggefamera.   Sagantaa kanaanis ijaarsi piroojeektiiwwan investimentiifi Industirii manufaakcheriingii garagaraa Kutaalee Magaalaa Galaaniifi Eekkaa Xaafootti daawwatamaniiru. Magaalaan Shaggaritti carraawwaniifi humna Investimentii fayyadamuun Magaalaa guddu-gala dinagdee taasisuuf hojjetamaa kan jiru yoo ta'uu kan eeran itti aanaa invastimentii fi industirii magaalaa Shaggar obbo Nabiyyuu Raagaa, kunis guddina dinagdee Magaalichaa utubuun tarkaanfiiwwan imala Badhaadhina dhugoomsuu keessatti gahee olaanaa bahachaa jiraachuu ibsani. Daawwannaa kanaanis Piroojeektii Investimentii “Winfield trading" kaappitaala birrii miliyoona 300 oliin hojjetamaa jiruufi dhaabbatni "Brighten Motors" suphaafi gurgurtaa Konkolaattotaa irratti hojii eegale kutaa Magaalaa Galaanitti daawwatamaniiru.   Kana malees dhaabbatni “Hilina enriched foods” oomisha nyaata daa'immanii irratti bobba'uun hojjechaa jiruufi dhaabbatni “Qualables” kutaa Magaalaa Eekkaa Xaafootti daawwatameera.   Piroojeektiiwwan Investimentii kunneen hojiiwwan suphaafi gurgurtaa konkolaattota ammayyaa irratti kan hojjetan yoo ta'u, kunis hanqina dhiyeessii furuun cinatti carraawwan hojii uumuun guddina dinagdee biyyaafi Magaalichaa saffisiisuu keessatti gahee olaanaa kan qabani ta’uu himaniiru. #Ena Afaan Oromoo #ENA
Baankiin Addunyaa fi Xaaliyaan Itiyoophiyaaf Deeggarsa Riifoormii Diinagdee isaanii akka cimsan ibsani
Apr 16, 2026 278
Eebila 8/2018 (ENA): Baankiin Addunyaa fi Xaaliyaan haaromsa diinagdee biyya keessaa Itiyoophiyaaf deeggarsa qaban cimsanii akka itti fufan beeksisan. Jilli Itiyoophiyaa Ministira Maallaqaa Ahimad Shideen durfamu baankii addunyaa fi jila Xaaliyaanii waliin marii sadarkaa olaanaa gaggeessee walta’iinsa gama sadeen daran cimsuuf marii’ateera.   Xiyyeeffannaan marii kanaa inni guddaan sagantaa riifoormii diinagdee Itiyoophiyaan gaggeessaa jiru deeggaruuf tumsa paartilee sadeen cimsuu irratti kan xiyyeeffatedha. Deeggarsa maallaqaa si’ataa fi amanamaa ta’ee fi aantummaa misoomaa biyyattii waliin walsimuu danda’u irrattis mari’ataniiru. Jilli Itiyoophiyaa bu’aa diinagdee Gooroo tibbana galmeessisuun, tattaaffii haaromsaa mootummaan eegale itti fufsiisuu, naamusa faayinaansii daran cimsuu, guddina dinagdee hunda hammate mirkaneessuuf kutannoo qabaachuu isaa irra deebi’ee mirkaneesseera. Marii kanaan deeggarsi qindoomina qabu michoota misoomaa irraa argamu barbaachisaa ta’uu ibsameera. Kunis deeggarsi kennamu bu’aa barbaadamu akka argamsiisuu fi qabeenya bu’a qabeessa ta’een akka itti fayyadaman mirkaneessuuf kan agarsiifamedha. Riifoormii diinagdee biyya keessaa deeggaruun alattis, bu’uuraalee deeggarsa qindoomina qaban kanneen Itiyoophiyaan haala dinagdee addunyaa jijjiiramaa fi walxaxaa ta’e keessa akka darbitu dandeessisan irratti mariin gaggeeffameera.   Jilli Xaaliyaanii gama isaatiin, tattaaffii misoomaa Itiyoophiyaa waliin tumsa qabaachuu isaa irra deebi’ee kan mirkaneesse yoo ta’u, keessumaa tumsa biyyoota lamaanii fi bu’uura faayinaansii idil-addunyaa waliin walsimuun deeggarsa isaa akka cimsu ibseera. Haaluma walfakkaatuun, Baankiin Addunyaa sagantaa riifoormii diinagdee Itiyoophiyaaf deeggarsa itti fufiinsa qabu ibsuun, tumsa faayinaansii bu’a qabeessa ta’e guddisuuf michoota waliin walitti dhiyeenyaan hojjechuuf qophii ta’uu beeksiseera. Qormaata dinagdee yeroo ammaa fi hanqina maallaqaa itti fufiinsaan furuuf tumsa cimaa fi tattaaffii waloo gochuun barbaachisaa ta’uus dubbataniiru. Kana malees, bu’aa misoomaa qabatamaa ta’e galmaan ga’uuf qindoomina imaammataa itti fufiinsa qabu, qunnamtiin qindoomina qabuu fi itti gaafatamummaa waliinii qabaachuun barbaachisaa ta’uu marii kanaan ibsameera. Marii kanaan tumsa qaamolee sadan gidduu jiru daran cimsuu fi bu’uura tumsaa qindoomina qabu qopheessuuf tattaaffii taasifamu haala mijeessuu irrattis waliigalameera. Ministeerri Maallaqaa ibsa ENA’f ergeen, Itiyoophiyaan cimina dinagdee fi guddina yeroo dheeraa mirkaneessuuf riifoormii caasaa ijoo hojiirra oolchuuf kutannoo qabdu irra deebi’ee ibseera. #Ena Afaan Oromoo #ENA
Hojiin misoomaa godina Arsii keessatti hojjetamaa jiru cimee itti fufa
Apr 16, 2026 328
Eebila 8 /2018 (ENA): Hojiin misoomaa Naannoo Oromiyaa godina Arsii keessatti hojjetamaa jiru cimee itti fufa jedhan pireesidaantiin naannichaa obbo Shimallis Abdiisaa. Pirojektiin Humna Qilleensaa Asallaa bakka Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad argamanitti eebbifamee tajaajilaaf banameera.   Pireesidaantiin naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa eebbifamuu piroojektichaa sababeeffachuun ergaa dabarsaniin, Mootummaan jijjiiramaa hojiiwwan misoomaa bu’a qabeessa ta’anii fi jireenya ummataa bu’uuraan fooyyessanii hojjechaa tureera jedhani. Mootummaan naannichaa misooma bu’uuraalee misoomaa naannichaa saffisiisu irratti xiyyeeffatee hojjechaa turuus ibsaniiru. Keessattuu, dhaqqabummaa fi uwwisa daandii guddisuuf ijaarsa daandii amma jiru xumuruu bira darbee daandiiwwan haaraan hojjetamuu ibsaniiru. Damee fayyaatiin hospitaalonni hedduun ijaaramanii hojiitti galuu isaaniis ibsuun, hojiin ijaarsa bishaan dhugaatii qulqulluu fi misooma bu’uuraalee jallisii hojjetamuu eeraniiru. Hojiileen ummanni jireenya isaa akka jijjiiru dandeessisan kunneen cimee akka itti fufan ibsuun, milkaa’ina kanaaf hoggantoonni hundi kutannoodhaan hojjechuu akka qaban dubbataniiru. Buufanni anniisaa humna qilleensaa har’a eebbifames misooma naannichaa saffisiisuuf carraa guddaa kan uumu ta’uus ibsaniiru. Ummanni Godinichaa carraa gaarii argateen hiyyummaa fi duubatti hafummaa dhabamsiisuu akka qabus dubbataniiru. Ummanni qabeenya argate qusachuun gara damee invastimantiitti ce’uun itti fufiinsaan of jijjiiruu akka qabus dubbataniiru. #Ena Afaan Oromoo #ENA
Naannoo Oromiyaatti magaalota jiraattotaaf mijatoo taasisuu bira darbee wiirtuuleen tajaajila sirrii ta’e kennan babal’achaa jiru
Apr 16, 2026 324
Eebila 8/2018 (ENA) : Naannoo Oromiyaatti magaalota jiraattotaaf mijatoo taasisuu bira darbee wiirtuuleen tajaajila sirrii ta’e kennan babal’achaa jiru jedhan qindeessaan kilaastara misooma magaalaa naannichaa fi sadarkaa Itti Aanaa pireesidaantiitti obbo Masfin Malaakuu. Ibsa qindeessaan kun kennaniin, mootummaan naannichaa magaalonni jiraattotaaf mijatoo akka ta’an, tajaajiloota haaromsuufi wiirtuu kalaqaa akka ta’aniif ciminaan hojjechaa akka jiru ibsaniiru. Magaalonni wiirtuu daldalaa qofa osoo hin taane wiirtuu oomishaa taasisuu keessatti pirojektoonni misoomaa bu’a qabeessa ta’an hojjetamaa akka jiran himaniiru. Ji’oota sagal darban keessatti hojiin ummata irratti xiyyeeffate jireenya ummataa naannichaa keessattuu magaalota keessatti fooyyessanii itti fufuusaa fi sheedii hojii fi gurgurtaa ijaaramuun lammiilee hedduudhaaf carraa hojii uumuun akka ta’e hubachiisaniiru. Magaalota naannichaa keessatti hanga bara baajataa kurmaana sadaffaatti pirojektoonni eeyyamni invastimantii kuma 11 fi 742 ol raggaasifamuu ibsaniiru. Kunis namoota kuma 700’f carraa hojii kan uume ta’uu eeruun, jijjiirama kanaan dura lakkoofsi invastimantii kuma 10 ture amma kuma 40 ol akka ga’e himaniiru. Gama kenniinsa liqiitiin Birriin biiliyoona 28 ol kan kenname yoo ta’u, leenjii abbootii qabeenyaa yeroo gabaabaa fi dheeraatiin hojii uumtonni kuma 1 fi 800 ol uumamuu isaanii ibsaniiru. Hanga ammaatti magaalota adda addaa keessatti wiirtuuwwan tajaajila giddugala iddoo tokkoo 17 ijaaramuufi hojiiwwan misooma koridaraa cimee hojjetamuu ibsaniiru. Akkasumas magaalota naannichaa keessatti daandii asfaaltii kiiloo meetira 115, daandii biskileetii kiiloo meetira 90, daandii lafoo kiiloo meetira 817, buufata konkolaataa 90 fi dirree tapha daa’immanii 40 ijaaramuu eeraniiru. #Ena Afaan Oromoo #ENA
Kan mul'ate

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa
Itiyoophiyaa fi Laayibeeriyaan Tumsa Loltummaa Industirii fi Teeknooloojii Guddisuuf Waliigalaniiru
Apr 14, 2026 1921
Eebila 6/2018 (ENA): Itiyoophiyaa fi Laayibeeriyaan tumsa Loltummaa industirii fi teeknooloojii isaanii guddisuuf waliigalaniiru. Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa injiinar Aayishaa Mahaammad Ministira Raayyaa Ittisa Biyyaa Laayibeeriyaa Birgaadeer Jeneraal Jeeraaldiin Jaaneet Joorji waliin Finfinneetti mari'ataniiru.   Walgahichaan dhimmoota tarsiimoo tumsa loltumaa biyyoota lamaanii sadarkaa itti aanutti ceesisuu danda’anirrattis mari’ataniiru. Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa Injiinar Aayishaa akka himanitti,Itiyoophiyaa fi Laayibeeriyaan mallattoo bilisummaa Afrikaa ta’uu yaadachiisuun, walitti dhufeenyi seenaa kun tumsa loltummaa amma jiruuf bu’uura cimaa akka ta’u dubbatani. Itiyoophiyaan gama industirii loltummaa fi ijaarsa dandeettii irratti waliin hojjechuuf qophii ta’uu mirkaneessaniiru. Birgaadeer Jeneraal Jeeraaldiin Jaaneet Joorji gama isaaniitiin, Itiyoophiyaan saayinsii loltummaa fi ijaarsa ittisa ammayyaa irratti, nageenya idil addunyaa eegsisuu dabalatee, muuxannoo barumsaa guddaa Laayibeeriyaaf ta’uu ibsaniiru.   Laayibeeriyaan Raayyaa Ittisa Itiyoophiyaa irraa muuxannoo bal’aa argachuuf fedhii guddaa akka qabdus ibsaniiru. Keessattuu gama leenjii fi tumsa teeknikaatiin tumsa loltummaa biyyoota lamaanii daran guddisuuf akka hojjetan odeeffannoon onlayin Miidiyaa Raayyaa Ittisa biyyaa ENA’f erge ni mul’isa. #Ena Afaan Oromoo #ENA
Jiraattonni magaalaa Harar filannoo waliigalaa 7ffaa irratti kaardii galmee filattootaa fudhachuun sagalee isaanii kennuuf qophaa’aniiru
Apr 13, 2026 3110
Eebila 05/2018 (ENA): Jiraattonni magaalaa Harar filannoo waliigalaa 7ffaa irratti kaardii galmee filattootaa fudhachuun sagalee keenya kennuuf dursinee qophoofneerra jedhan. Akka sagantaa Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa kaa’een Bitootessa 28, 2018 irraa eegalee tokkoon tokkoon buufata filannootti galmeen filattootaa gaggeeffamaa jira. Jiraattonni naannoo Harar yeroo ammaa kaardii galmee filattootaa filannoo kana irratti akka hirmaatan isaan dandeessisu fudhachuu himaniiru.   Jiraattota magaalattii keessaa tokko kan ta’an aadde Firehiwot Abbaynaa turtii ENA Waliin taasisaniin, filannoo biyyaalessaa afran darban irratti hirmaachuudhaan paartii fayyada jedhaniin sagalee kennuu isaanii yaadataniiru. Filannoo waliigalaa ji’a Caamsaa dhufu irratti hirmaachuuf qophaa’aa akka jiran ibsuun, Kanaafis kaardii filannoo fudhannee dhaaba guddina biyyaatiif ni hojjeta jedhanii amananiif sagalee isaanii kennuuf qophaa’uu himani.   Filannoo waliigalaa 7ffaa irratti hirmaachuuf kaardii filannoo fudhannee mirga lammummaa fi heera mootummaatii nuuf kenname itti fayyadamuun qophoofneerra kan jedhan immoo jiraataa magaalattii obbo Habtaamuu Siifaa dha. Paartiileen morkattootaa yaada isaanii karaalee miidiyaa ibsachaa waan jiraniif paartii nuuf ta’a jennu filachuuf qophoofneerra jedhani. Filannoon kun nagaa fi dimokiraatawaa akka ta’uuf namuu gahee isaa bahuu akka qabus dubbataniiru.   Kaardii paartii filannoo irratti dammaqinaan hirmaachuu barbaannu filachuuf nu dandeessisu fudhannee jirra kan jedhan Ajabaa Adam, paartii nuuf mijatu filachuuf qophoofneerra jedhnai. Kunis karaa nagaa fi dimokiraasiin akka gaggeeffamuuf gahee keenya ni baana jedhaiiru. #Ena Afaan Oromoo #ENA
Pirojektoonni misoomaa eegalaman akka milkaa'an gargaaruu fi rakkoolee mariidhaan hiikuuf ga'ee keenya ni baana - Jiraattota Dirree Dhawaa
Apr 10, 2026 6810
Eebila 2/2018 (ENA): Pirojektoonni misoomaa eegalaman akka milkaa’an gargaaruu fi rakkoolee mudatan mariidhaan furuuf ga’ee keenya ni baana jedhan jiraattonni magaalaa Dirree Dhawaa ENA waliin turti taasisan. Pirojektoonni misoomaa kallattii hedduun waggoota jijjiiramaa keessa Dirree Dhawaatti hojjetaman, bu’aa qabatamaa akka argamsiisan karaa hedduudhaan mirkaneessuun ni danda’ama jedhani. Ummanni Dirree Dhawaa hojiiwwan misoomaa bara mootummaa jijjiiramaa waliin dhufe deegaruun hiriira bahuun agarsiiseera. Pirojektoonni misoomaa murteessoo ta’an egeree Itiyoophiyaa murteessan hojjetamaa akka jiran ibsuun, isaan xumuruuf tumsi, deeggarsaafi gargaarsi hundaa akka barbaachisu ibsaniiru. Kanaaf pirojektoonni misoomaa jijjirama kanaan eegalaman akka milkaa’anii fi rakkoolee jiran mariidhaan furuuf ga’ee keenya ni baana jedhan jiraattonni magaalaa Dirree Dhawaa ENA’n waliin turtii taasisan.   Namoota yaada kennan keessaa Abbaa Gadaa Afran Qalloo kan ta’an Abdurrazaaq Ahimadii fi hogganaa aadaa hawaasa Somaalee Haajii Abdoo Umar Isaa, Itiyoophiyaa keessa rakkoolee kanaan dura turan hedduun akka jiran eeruun,rakkoolee kanneenimmoo waaraan furuuf mariin barbaachisaa ta’uu himani. Adeemsi marii biyyoolessaa akka milkaa’uuf waliin hojjechuu qabna jedhaniiru.   Yaada kennitoonni biroo, obbo Akiliilee Taaxaq fi obbo Abdoo Muummee, bu’aawwan jijjiramichaa itti fufiinsa akka qabaatu gochuuf tokkummaa biyyaalessaa cimsuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. Rakkoolee biyyoolessaa jaarraa hedduuf turan turan mariidhaan hiikuun biyya dhalootaaf mijattu ijaaruun ni danda’ama jedhu irratti Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa hojjachaa akka jiru beekamaadha.
Paartiin Badhaadhinaa Naannoo Harariitti hojiiwwan namarratti xiyyeeffatan kanneen fayyadamummaa Ummataa mirkaneessan raawwateera
Apr 9, 2026 5354
Eebila 1/2018(ENA): Paartiin Badhaadhinaa Naannoo Harariitti hojiiwwan namarratti xiyyeeffatan kanneen fayyadamummaa Ummataa mirkaneessan raawwachuusaa Bulchaan Naannoo Hararii Obbo Ordiin Badirii ibsan. Paartiin Badhaadhinaa Naannoo Harariitti Kaadhimamtootasaa Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa fi Mana Maree Naannootiif dorgoman beeksisuu fi duula na filadhaa Magaalaa Hararitti gaggeesseera. Sagantaa kana irratti Bulchaan Naannichaa obbo Ordiin Badirii dabalatee,hoggantoonni olaanoon paartichaa,miseensonni, deeggartoonnii fi Hawaasni Naannichaa argamaniiru.   Bulchaan Naannichaa wayita sana ergaa dabarsaniin, kallattiin misoomaa fi guddina Itiyoophiyaa bu’uura sirrii kan qabatee fi bu’aawwan gama maraa kan galmaa’an cimanii hojjechuu fi kutannoo Paartii Badhaadhinaatiin ta’uu kaasaniiru. Naannoo Harariitti hojiiwwan namarratti xiyyeeffatanii fi fayyadamummaa Ummataa Mirkaneessan raawwatamuu ibsaniiru. Waggoottan jijjiiramaa keessatti gaggeessummaa paartichaan baadiyyaa fi magaalota keessatti hojiiwwan misoomaa gama maraa hojjetamuusaa ibsaniiru. Hojiiwwan deebisanii misoomsuu Jagoolii fi hojiiwwan misooma kooriidarii magaalaa Harar dabalatee, hojiiwwan qabatamaan faayidaa Hawaasummaa, Siyaasaa fi Dinagdee raawwatamuu isaanii kaasaniiru. Kanaafuu, Misoomaaf, Ijaarsa Dimookraasiif, fayyadamummaa guutuu lammiilee fi guddina biyyaatiif Badhaadhina filachuun murtoo sirrii ta’uu ibsaniiru.   Itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Hararii obbo Geetuu Wayyeessaa gama isaaniin, Paartiin Badhaadhinaa bu’uura Misooma, Nageenyaa fi Dimookiraasii biyyaa ta’uu ibsaniiru. Haaluma kanaan, tarkaanfiiwwan gaarii eegalaman kana itti fufsiisuuf Paartichi dandeettii guutuu kan horate ta’uu himaniiru.

Hawaasummaa
Hojiileen misoomaa damee hawaasummaa keessatti ji’oota sagal darban hojjetaman fayyadamummaa hawaasaa guddisu hojjetameera
Apr 16, 2026 121
Eebila 8/2018 (ENA): Hojiileen misoomaa damee hawaasummaatiin ji’oota sagal darban keessatti raawwataman fayyadamummaa hawaasaa guddisaniiru jedhan sadarkaa itti aanaa mootummaa naannoo Oromiyaatti qindeessaan kilaastara hawaasummaa naannichaa obbo Saadat Nashaa himaniiru. Ibsa qindeessaan kun kennaniin, ji’oota sagal darban keessatti hojiiwwan misooma hawaasummaa hedduun fayyadamummaa hawaasaa mirkaneesse hojjetamaa turuu ibsaniiru. Dameen hawaasummaas, dhaloota dorgomaa, fayyaa, fi dhaloota aadaa fi eenyummaa isaa kabaju uumuuf ciminaan hojjechaa turuu ibsaniiru. Hojiileen qulqullina barnootaa gama hundaan mirkaneessuuf gargaaranis ji’oota sagal darban keessatti haala gaariin raawwatamuu ibsaniiru. Keessattuu qulqullina barnootaa bu’uuraan jijjiiruuf manneen barnootaa mana barumsaa idilaan duraa kuma 20 fi 180 keessatti barnoota qulqullina qabu kennuuf tattaaffiin taasifameera. Manneen barnootaa sadarkaa tokkoffaa fi sadarkaa 2ffaa keessattis hojiin ijaarsa daree fi fooyya’iinsaa hojjetamaa turuu hubachiisaniiru. Sagantaan nyaata mana barumsaa barattootaaf kennamu cimee, dandeettii barsiisotaa guddisuuf qormaanni leenjii fi madaallii gaggeeffamaa akka jirus ibsaniiru. Damee fayyaatiin ji’oota sagal darban keessatti buufatawwan fayyaa hedduun ijaaramanii tajaajila kennuu kan jalqaban yoo ta’u, manneen qorichaa hawaasaa 89 hojiitti galaniiru. Kana malees, damee aadaa, haqaa fi ispoortii keessatti raawwiin fooyya’aan galmaa’uu isaa qindeessaan kun hubachiisaniiru; ji’oonni sagal yeroo manneen murtii aadaa itti ciman ta’uu ibseera. Damee ispoortii daran kakaasuuf iddoowwan ispoortii gama adda addaatiin ijaaramuu fi sochii ispoortii hawaasaa babal’isuuf hojjetamaa turuu ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #ENA
Dhaabbileen Barnoota Olaanoo Riifoormii damee Haqaa Qorannoodhaan Deeggaruun gahee isaanii bahachaa jiru
Apr 15, 2026 647
Eebila 07/2018 (ENA) : Dhaabbileen Barnoota Olaanoo Riifoormii damee haqaa biyyattii qorannoo fi beekumsaan deggaruuf gahee isaanii bahachaa akka jiran ibsan. Inistiitiyuutiin Qorannoo fi Leenjii Haqaa fi Seeraa Federaalaa, sirna haqaa Ammayyeessuuf Manneen Barnoota seeraa kan dhaabbilee barnoota olaanoo wajjin ta’uun qindoominaan hojjechaa jira. Diiniin Barnoota Seeraa Yuunivarsiitii Jimmaa obbo Firaa'ol Taaffasaa akka ibsanitti, Yuunivarsiiticha Manneen Barnoota Seeraatiif deeggarsa meeshaalee fi ogeessaa kennuudhaan, Barnoonni Seeraa Qorannoodhaan deeggaramee akka kennamu hojjechaa jira jedhani.   Hayyoonni Yuunivarsiitichaa riifoormii Sektara haqaa biyyattii qorannoo fi beekumsaan deeggaruuf carraaqqii godhamu keessatti bal’inaan hirmaachaa akka jiranis kaasaniiru. Qulqullina Barnoota Seeraa fooyyessuuf Kitaabota Barumsaa fi Mojuulota qopheessuu, qophii qormaata bahumsaa fi dorgommii dhaddachaa mijeechuun waliin hojjetamaa akka jiru ibsaniiru. Diiniin Mana Barnoota Seeraa Yuunivarsiitii Arbaamincii obbo Abrahaam Kinfee gamasaaniin, Kutaan Barnoota Seeraa kun barnoota kennuun bira darbee, tajaajila seeraa bilisaa fi qorannoo fi qo’annoo dhimmoota haqaa irratti inistiitiyuuticha wajjin hojjechaa akka jiru dubbataniiru.   Sirna haqaa bu’a qabeessa taasisuuf, damichatti lammiilee gahumsa qaban horachuuf tattaaffii taassifamuun cinaatti, ogeessota seeraatiif leenjii ijaarsa dandeettii kennaa akka jiru ibsaniiru. Qorataan seeraa Inistiitiyuutichaa Dr. Zibaloo Hayilasillaasee gamasaaniin, Inistiitiyuutichi Manneen Barnoota Seeraa dandeettii barsiisuu fi qulqullina barnootaa isaanii mirkaneessuuf waliin hojjechaa akka jiru ibsaniiru.   Qorataan kun, sirna haqaa ammayyeessuuf humna namaa gahumsa qabu horachuun murteessaa akka ta’e kan eeran yoo ta’u, Inistiitiyuutichis kanaaf deeggarsa taasisaa akka jiru ibsaniiru. Hojiiwwan qorannoo fi Qo’annoo Manneen Barnoota Seeraa keessatti hojjetaman hojiirra akka oolan walta’iinsaan hojjetamaa akka jiru himaniiru.
Hirmaannaa dubartootaa damee daldalaa keessatti guddisuu fi fayyadamummaa diinagdee isaanii mirkaneessuuf hojiiwwan hojjetamaa jiru
Apr 14, 2026 745
Eebila 6/2018 (ENA): Ministeerri Dubartootaa fi Dhimma Hawaasummaa akka ibsetti, hirmaannaa dubartootaa damee daldalaa keessatti dabaluu fi fayyadamummaa diinagdee isaanii mirkaneessuuf hojiiwwan bifa ciminaan hojjetamaa jiru jedhe. Walgahiin Ardii 15ffaa Koree Teeknikaa Sekreetariyaatii Gabaa Waloo Bahaa fi Kibba Afrikaa (COMESA) walqixxummaa koorniyaa fi faayidaa dubartootaa irratti xiyyeeffate jalqabame.   Ministeer De’eetaan Dubartootaa fi Dhimma Hawaasummaa Hikmaa Keyiraddiin akka himanitti, Itiyoophiyaan yeroo ammaa fayyadamummaa diinagdee dubartoota baadiyyaa fi magaalaa mirkaneessuuf hojiiwwan adda addaa raawwachaa jirti jedhani. Faayidaa dinagdee dubartootaa mirkaneessuuf tarsiimoon qophaa’ee hojiirra ooluu isaa, kunis qonna, industirii, carraa hojii uumuu fi dameewwan biroo irratti fayyadamoo akka ta’an kan dandeessise ta’uu hubachiisaniiru. Dubartoonni Afrikaa sirna daldalaa keessatti wal qixa akka hirmaataniifi fayyadamoo ta’an waliin hojjechuun barbaachisaa ta’uu dubbataniiru. Biyyoonni miseensa “COMESA” qormaata dubartoonni daldala keessatti akka hin hirmaanne gufachiisan furuuf walitti dhiyeenyaan hojjechuu fi bu’a qabeessa akka ta’an dandeessisuu qabu jedhan. Mariin har’as gama kanaan akka ta’e dubbataniiru. Mariin kun bu’uura seeraa fayyadamummaa dubartoota Afrikaa sirna daldalaa keessatti guddisu hojiitti jijjiiruuf carraa kan uume ta’uu hubachiisaniiru.   Itiyoophiyaan walqixxummaa koorniyaa fi gahumsa dubartootaaf kutannoo hooggansaa taasifteef, Gargaaraa barreessaa olaanaa gabaa waloo Afrikaa Bahaa fi Kibbaa (COMESA) Ambaasaaddar Mahmad Kadaa galateeffataniiru. Dubartoota akka ardiitti gahumsa isaanii cimsu mirkaneessuuf hojiin hojjetamaa jiru jajjabeessaa ta’us, ammas hojiin hojjetamuu qabu akka jiru hubachiisaniiru. Keessattuu Afrikaa keessatti dubartoonni faayinaansii, dandeettii dijitaalaa, gabaa, fi murtee kennuu irratti qaawwi akka jiru hubachiisaniiru. Walgahiin Ardii 15ffaa Koree Teeknikaa Sekreetariyaatii Gabaa Waloo Afrikaa Bahaa fi Kibbaa (COMESA) qaawwa kana guutuuf gahee olaanaa qaba jedhaniiru. #Ena Afaan Oromoo #ENA
Diinagdee
Magaala Shaggaritti ijaarsi Piroojektiiwwanii fi manufakchariingi industirii cimanii itti fufaniiru.
Apr 16, 2026 331
Eebila 8/2018 (ENA) : Magaala Shaggaritti ijaarsi Piroojektiiwwanii fi manufakchariingi industirii cimanii itti kan itti fufan ta’uu ibsame. Magaala Shaggaritti qopheessummaa wajjiraa inveestimentti fi industirii magaalaa Shaggariin daawannaan hojii investimenti geggefamera.   Sagantaa kanaanis ijaarsi piroojeektiiwwan investimentiifi Industirii manufaakcheriingii garagaraa Kutaalee Magaalaa Galaaniifi Eekkaa Xaafootti daawwatamaniiru. Magaalaan Shaggaritti carraawwaniifi humna Investimentii fayyadamuun Magaalaa guddu-gala dinagdee taasisuuf hojjetamaa kan jiru yoo ta'uu kan eeran itti aanaa invastimentii fi industirii magaalaa Shaggar obbo Nabiyyuu Raagaa, kunis guddina dinagdee Magaalichaa utubuun tarkaanfiiwwan imala Badhaadhina dhugoomsuu keessatti gahee olaanaa bahachaa jiraachuu ibsani. Daawwannaa kanaanis Piroojeektii Investimentii “Winfield trading" kaappitaala birrii miliyoona 300 oliin hojjetamaa jiruufi dhaabbatni "Brighten Motors" suphaafi gurgurtaa Konkolaattotaa irratti hojii eegale kutaa Magaalaa Galaanitti daawwatamaniiru.   Kana malees dhaabbatni “Hilina enriched foods” oomisha nyaata daa'immanii irratti bobba'uun hojjechaa jiruufi dhaabbatni “Qualables” kutaa Magaalaa Eekkaa Xaafootti daawwatameera.   Piroojeektiiwwan Investimentii kunneen hojiiwwan suphaafi gurgurtaa konkolaattota ammayyaa irratti kan hojjetan yoo ta'u, kunis hanqina dhiyeessii furuun cinatti carraawwan hojii uumuun guddina dinagdee biyyaafi Magaalichaa saffisiisuu keessatti gahee olaanaa kan qabani ta’uu himaniiru. #Ena Afaan Oromoo #ENA
Baankiin Addunyaa fi Xaaliyaan Itiyoophiyaaf Deeggarsa Riifoormii Diinagdee isaanii akka cimsan ibsani
Apr 16, 2026 278
Eebila 8/2018 (ENA): Baankiin Addunyaa fi Xaaliyaan haaromsa diinagdee biyya keessaa Itiyoophiyaaf deeggarsa qaban cimsanii akka itti fufan beeksisan. Jilli Itiyoophiyaa Ministira Maallaqaa Ahimad Shideen durfamu baankii addunyaa fi jila Xaaliyaanii waliin marii sadarkaa olaanaa gaggeessee walta’iinsa gama sadeen daran cimsuuf marii’ateera.   Xiyyeeffannaan marii kanaa inni guddaan sagantaa riifoormii diinagdee Itiyoophiyaan gaggeessaa jiru deeggaruuf tumsa paartilee sadeen cimsuu irratti kan xiyyeeffatedha. Deeggarsa maallaqaa si’ataa fi amanamaa ta’ee fi aantummaa misoomaa biyyattii waliin walsimuu danda’u irrattis mari’ataniiru. Jilli Itiyoophiyaa bu’aa diinagdee Gooroo tibbana galmeessisuun, tattaaffii haaromsaa mootummaan eegale itti fufsiisuu, naamusa faayinaansii daran cimsuu, guddina dinagdee hunda hammate mirkaneessuuf kutannoo qabaachuu isaa irra deebi’ee mirkaneesseera. Marii kanaan deeggarsi qindoomina qabu michoota misoomaa irraa argamu barbaachisaa ta’uu ibsameera. Kunis deeggarsi kennamu bu’aa barbaadamu akka argamsiisuu fi qabeenya bu’a qabeessa ta’een akka itti fayyadaman mirkaneessuuf kan agarsiifamedha. Riifoormii diinagdee biyya keessaa deeggaruun alattis, bu’uuraalee deeggarsa qindoomina qaban kanneen Itiyoophiyaan haala dinagdee addunyaa jijjiiramaa fi walxaxaa ta’e keessa akka darbitu dandeessisan irratti mariin gaggeeffameera.   Jilli Xaaliyaanii gama isaatiin, tattaaffii misoomaa Itiyoophiyaa waliin tumsa qabaachuu isaa irra deebi’ee kan mirkaneesse yoo ta’u, keessumaa tumsa biyyoota lamaanii fi bu’uura faayinaansii idil-addunyaa waliin walsimuun deeggarsa isaa akka cimsu ibseera. Haaluma walfakkaatuun, Baankiin Addunyaa sagantaa riifoormii diinagdee Itiyoophiyaaf deeggarsa itti fufiinsa qabu ibsuun, tumsa faayinaansii bu’a qabeessa ta’e guddisuuf michoota waliin walitti dhiyeenyaan hojjechuuf qophii ta’uu beeksiseera. Qormaata dinagdee yeroo ammaa fi hanqina maallaqaa itti fufiinsaan furuuf tumsa cimaa fi tattaaffii waloo gochuun barbaachisaa ta’uus dubbataniiru. Kana malees, bu’aa misoomaa qabatamaa ta’e galmaan ga’uuf qindoomina imaammataa itti fufiinsa qabu, qunnamtiin qindoomina qabuu fi itti gaafatamummaa waliinii qabaachuun barbaachisaa ta’uu marii kanaan ibsameera. Marii kanaan tumsa qaamolee sadan gidduu jiru daran cimsuu fi bu’uura tumsaa qindoomina qabu qopheessuuf tattaaffii taasifamu haala mijeessuu irrattis waliigalameera. Ministeerri Maallaqaa ibsa ENA’f ergeen, Itiyoophiyaan cimina dinagdee fi guddina yeroo dheeraa mirkaneessuuf riifoormii caasaa ijoo hojiirra oolchuuf kutannoo qabdu irra deebi’ee ibseera. #Ena Afaan Oromoo #ENA
Hojiin misoomaa godina Arsii keessatti hojjetamaa jiru cimee itti fufa
Apr 16, 2026 328
Eebila 8 /2018 (ENA): Hojiin misoomaa Naannoo Oromiyaa godina Arsii keessatti hojjetamaa jiru cimee itti fufa jedhan pireesidaantiin naannichaa obbo Shimallis Abdiisaa. Pirojektiin Humna Qilleensaa Asallaa bakka Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad argamanitti eebbifamee tajaajilaaf banameera.   Pireesidaantiin naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa eebbifamuu piroojektichaa sababeeffachuun ergaa dabarsaniin, Mootummaan jijjiiramaa hojiiwwan misoomaa bu’a qabeessa ta’anii fi jireenya ummataa bu’uuraan fooyyessanii hojjechaa tureera jedhani. Mootummaan naannichaa misooma bu’uuraalee misoomaa naannichaa saffisiisu irratti xiyyeeffatee hojjechaa turuus ibsaniiru. Keessattuu, dhaqqabummaa fi uwwisa daandii guddisuuf ijaarsa daandii amma jiru xumuruu bira darbee daandiiwwan haaraan hojjetamuu ibsaniiru. Damee fayyaatiin hospitaalonni hedduun ijaaramanii hojiitti galuu isaaniis ibsuun, hojiin ijaarsa bishaan dhugaatii qulqulluu fi misooma bu’uuraalee jallisii hojjetamuu eeraniiru. Hojiileen ummanni jireenya isaa akka jijjiiru dandeessisan kunneen cimee akka itti fufan ibsuun, milkaa’ina kanaaf hoggantoonni hundi kutannoodhaan hojjechuu akka qaban dubbataniiru. Buufanni anniisaa humna qilleensaa har’a eebbifames misooma naannichaa saffisiisuuf carraa guddaa kan uumu ta’uus ibsaniiru. Ummanni Godinichaa carraa gaarii argateen hiyyummaa fi duubatti hafummaa dhabamsiisuu akka qabus dubbataniiru. Ummanni qabeenya argate qusachuun gara damee invastimantiitti ce’uun itti fufiinsaan of jijjiiruu akka qabus dubbataniiru. #Ena Afaan Oromoo #ENA
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Yuunvarsiitichi hojiiwwan qorannoo Qonnarratti xiyyeefatee hojjetu Qonnaan bulaa fayyadamaa taasisaa jira
Apr 15, 2026 1110
Eebila 07/2018 (ENA): Yunivarsiitiin Jimmaa Qorannoowwan Qonnaa irratti xiyyeeffatan gaggeessaa jiru Qonnaan Bultoota fayyadamoo taasisaa jiraachuu beeksise. Yunivarsiitiin Jimmaa hojii Barnootaa fi leenjii cinaatti, qorannoowwan gosa adda addaa gaggeessaa kan jiru yoo ta’u, keessumaa Qorannoowwan Qonnaa irratti xiyyeeffatan kanneen eeramanidha. Yunivarsiitichis qonnaan bultoota Godina Jimmaa fi naannolee biroo fayyadamoo taasisuuf xaa’oo uumamaa oomishuudhaan raabsaa jira. Xaa’oon uumamaa kun ‘baayoochaar’ (Biochar) irratti hundaa’e kan oomishamu yoo ta’u, fayyummaa biyyee fooyyessuudhaan oomishtummaa dabaluu fi naannoo miidhaa keemikaalarraa eeguuf gumaacha guddaa qaba. ‘Baayoochaarii’ jechuun, hafaa oomisha qonnaa fi baala ho’a ol’aanaan gubuu irraa kan argamu gosa cilee yoo ta’u, kaayyoon isaa inni guddaan akka cileetti itti fayyadamuuf osoo hin taanee, gabbina biyyee eeguun tursiisuufi. Kana malees, gabbina biyyee fooyyessuudhaan wabii nyaataa mirkaneessuu fi jijjiirama qilleensaa ittisuuf faayidaa guddaa akka qabu ragaaleen ni agarsiisu. Itti Aanaan Diinii Kolleejjii Qonnaa fi Yaala Beelladootaa Yunivarsiitichaa, Dr. Fiqiramaariyaam Gadaa,Yunivarsiitichi hojiiwwan qorannoo Hawaasa fayyadamoo taasisuuf irratti xiyyeeffatee hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Hojiiwwan qonnaan bultoota fayyadamoo taasisan keessaa tokko xaa’oo baayoocharii irratti hundaa’e dhaqqabamaaa taasisuu akka ta’e himanii, hanga ammaatti qonnaan bultoonni 500 ol fayyadamoo ta’uusaanii dubbataniiru. Xaa’oo uumamaa kana giddu galeessa qorannoo Arsiittii fi Baatuu waliin ta’uudhaan gara qonnaan bultootatti babal’isuuf hojjetamaa kan jiru yoo ta’u, kana malees Naannoo Sidaamaattis hojiirra oolchuuf karoorfatamee hojjetamaa jiraachuu eeraniiru. Yeroo ammaa Godina Jimmaa qofaatti qonnaan bultoonni 300 ol xaa'oo uumamaa kana fayyadamuurra darbee, leenjii fudhatanii ofiisaanii oomishaa jiraachuu eerameera. Barsiisaa fi qorataa Kolleejjii Qonnaa fi Yaala Beeyladootaa Yunivarsiitii Jimmaa, Doktar Milkiiyaas Ahimad, 'baayoochaariin' xaa'icha qopheessuuf barbaachisu kun, hafaa oomisha qonnaa fi baala tajaajila biraa irra hin oolle irraa kan qophaa'u ta'uu ibsaniiru. Qonnaan bulaan Godina Jimmaa, Aanaa Deedoo, obbo Biyyaa Haajii, xaa'oo bu'aa qorannoo kanaa fayyadamanii bu'a qabeessa ta'uu isaanii dubbataniiru.   Qonnaan Bulaan Aanaa sanaa kan biroo, obbo Raayyaa Abbaafiixaa, xaa'oo uumamaa qorattoonni dhiyeessan kana irratti shakkii akka qaban ibsanii, ta'us, bu'aa qabeessa ta'uusaa erga hubatanii booda, fayyadamuu qofa utuu hin taane gara hojii oomishuuttis seenuu isaanii himaniiru.
Itiyoophiyaan damee teeknooloojiin milkaa’inoonni galmeessite Afrikaa hundaa kan boonsudha
Apr 14, 2026 178
Eebila 6/2018 (ENA): Itiyoophiyaan damee teeknooloojiin milkaa’inoonni galmeessite Afrikaa hunda kan boonsu ta'uu Ministirri Dhimma Alaa Laayibeeriyaa Saaraa Beysooloowu Niyaatii, ibsani. Itiyoophiyaan kenniinsa tajaajila alaa fi damee kalaqaan ardicha keessatti dargomaa fi gahumsa gaarii ijaaraa jirti jedhani. Jilli Ministira Dhimma Alaa Laayibeeriyaa Saaraa Beysooloowu Niyaatiin durfamu Paarkii Teeknooloojii Odeeffannoo Itiyoophiyaa daawwateera. Ministirri Dhimma alaa kun akka jedhanitti, Jijjiiramni damee teeknooloojii Itiyoophiyaa keessatti mul’ate Afrikaa hundaaf madda boonsaa ta’uu ibsani. Hariiroo biyyoota lamaanii Itiyoophiyaa fi Laayibeeriyaa sadarkaa itti aanutti ceesisuuf fedhii akka qabanis himaniiru. Akkasumas tumsi gama teeknooloojii, qonnaa fi barnootaan taasifamu ummata biyyoota lamaanii fayyadamoo taasisuu akka qabu ibsaniiru. Humna namaa baay’ee Afrikaa keessattuu dargaggoota sirnaan itti fayyadamuuf tumsa biyyoota "Kibbaa-Kibbaa" gidduu jiru cimsuun barbaachisaa ta'uu hubachiisaniiru. Ardichi waliinii fi qindoominaan yoo misoomte ni danda’ama jechuun dubbataniiru. Wiirtuuwwan daataa paarkii ayisiitii keessatti daawwatan ilaalchisee Itiyoophiyaan gama hojii alaa fi kalaqaan ardii kanarratti dandeettii dorgomaa fi injifatamuu hin dandeenye ijaaraa akka jirtu ibsaniiru. Dargaggoonni argannoo haaraa akka maddisiisan haalli mijataa paarkicha keessatti uumame biyyoota biroof fakkeenya ta’uu ibsaniiru. Akkasumas, wiirtuun daataa kun dandeettii Afrikaan daataa mataa ishee ofumaan bulchuu akka qabdu kan agarsiisu ta’uu ibsuun, muuxannoo teeknooloojii Itiyoophiyaa irraa barachuun Laayibeeriyaan wiirtuu kuusaa daataa mataa ishee ijaaruuf fedhii akka qabdu mirkaneessaniiru. Daawwannaan kun hariiroo seenaa biyyoota Afrikaa durii lamaan gidduu jiru gara walta’iinsa dinagdee fi teeknooloojii qabatamaatti kan jijjiiru ta’uun ibsaniiru. Jilli Pirezidaantii Laayibeeriyaa Jooseef Niyuumaa Boo’akaayiin durfamu kaleessa galgala daawwannaa hojiif Finfinnee akka gale ni beekama. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Pireezidaantii Laayibeeriyaa Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee wayita gahan simannaa taasisaniiruufi. #Ena Afaan Oromoo #ENA
Leenjiin 'Koodarsii' tajaajila ummataa si’ataa fi ammayyaa ta'e kennuuf gargaare
Apr 14, 2026 163
Eebila 06/2018 (ENA): Hojjettoonni mootummaa Jimmaa Leenjii 'Koodarsii' fudhatan, tajaajila uummataa si’ataa fi ammayyaa ta'e kennuuf isaan gargaaraa akka jiru ibsan. Inisheetiivii Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimad kan ta'e leenjiin 'Itiyoo-Kodarsii' namoota miiliyoona 5’f kennamu, Magaalaa Jimmaatti hojjettoota mootummaa dhaabbilee garaagaraa keessa hojjetan biratti kaka'umsa guddaa uumaa jiraachuun hubatameera. Leenjichi dandeettii dijitaalaa hojjettootaa guddissuun, tajaajila ummataa si’ataa fi ammayyaa ta'e kennuuf gahee olaanaa taphachaa akka jiru ibsameera. Akka Hojjettoonni jedhanitti, leenjichi hojii isaanii irratti beekumsaa fi dandeettii dabalataa akka horatan isaan gargaareera. FDRItti Hojjettoonni Bulchiinsa Waldaa Inshuraansii Hojjettoota Dhaabbilee Dhuunfaa Damee Jimmaa ta'an, Mihirat Kaasaa fi Qumnagar Warqiyyee, dhaabbatichi tajaajila kompiitaraa fi intarneetii mijataa waan godheef koorsiiwwan garaagaraa fudhachuu isaanii dubbatani. Sagantaa Leenjichaa irraa waraqaa ragaa Idil-Addunyaa argachuu isaanii eeruun, hojjettoonni biroonis carraa kana akka fayyadaman gorsaniiru. Hogganaan waajjira damichaa obbo Masfin Mashashaa gama isaaniitiin, hojjettoota dhaabbatichaa 140 keessaa dhibbeentaa 70 ol ta'an leenjicha fudhachuu isaanii ibsaniiru.   Hojjettoonni hafanis leenjicha akka argatan hojiin hubannoo uumuu fi dhiyeessiin teeknoolojii mijataa akka jiru eeraniiru. Dhaabbata tajaajila giddugala tokkoo Masoob Jimmaa keessatti kan hojjetan Musliimaa Awwalii fi Mahaammad Haaydar, yeroo tajaajilli gara dijitaalaatti jijjiiramaa jiru kana keessatti leenjichi baay'ee barbaachisaa ta'uusaa ibsaniiru. Hojii keenya idilee cinaatti leenjicha fudhachuun keenya, hojii keenya caalatti ariifachiisuu fi babal'isuuf nu gargaaraa jira jedhaniiru.   Itti Aanaan hojii gaggeessaa Giddugalichaa obbo Abdii Salamoon akka ibsanitti, hojjettoota dhaabbatichaa 104 keessaa 80 ol ta'an leenjicha xumuruun waraqaa ragaa fudhataniiru. Leenjichi hojjettoonni tajaajila Hawaasaaf kennan beekumsa irratti kan hundaa'e fi si’ataa akka ta'u gochaa akka jiru dabaluun ibsaniiru.
Yuunivarsiitiin Madda Walaabuu dandeettii Kalaqa Barattootaa guddisuuf hojiilee adda addaa hojjachaa jira
Apr 14, 2026 142
  Eebila 06/2018 (ENA): Yuunivarsiitiin Madda Walaabuu barattoota fedhii teekinooloojii fi kalaqaa qaban bu’aa gaariif akka ga’an gochuuf hojiilee adda addaa hojjachaa jiraachuu beeksise. Yuunivarsiitichi gidduu gala STEM (STEM Center) waliin ta’uun agarsiisa qopheesserratti, Barattoonni Manneen Barnoota sadarkaa 2ffaa Magaala Roobee damee Saayinsii, Teeknooloojii, Injinariingii fi Herregaa irratti leenjii fudhatan, hojiilee kalaqaa fi argannoo isaanii dhiheessaa jiru. Saganticharratti kan argaman Itti Aanaan Pirezidaantii Yuunivarsiitichaa Gargaaraan Piroofeesara Iisaa Hasaan akka jedhanitti, dhaabbatichi Qorannoowwanii fi tajaajiloota fedhii fi rakkoo hawaasa naannichaa bu’uura godhatanirratti hojjachaa jira. Yuunivarsiitichi dhaabbata "STEM Power" waliin ta’uun laaboraatoorii dhaabe rakkoolee damee kanaan mudatan furuu keessatti gahee olaanaa taphachaa jiraachuu ibsaniiru. Laaboraatooriin kun barattoonni barnoota baratan (theory) baratan qabatamaan akka shaakalan gochuudhaan, dhaloota rakkoo biyyaa fi naannoo furuu danda’an uumuuf gargaaraa jiraachuu eeraniiru. Itti Aanaan Kantiibaa Bulchiinsa Magaala Roobee obbo Jamaal Abbaagaroo gamasaaniin, agarsiisichi dhaloota bakka bu’aa ta’eef dandeettii kalaqaasaanii akka gabbifatan haala mijeessuusaa dubbataniiru. Hojii gaggeessaan oppereeshinii "STEM Power" Itiyoophiyaa obbo Anteneeh Fissahaa, tarsiimoo dijitaalaa Itiyoophiyaa sadarkaa biyyaatti damee saayinsii fi teeknooloojii irratti jijjiiramni jajjabeessaan mul’achaa jiraachuu ibsaniiru. Agarsiisichi fedhii barattootaa guddisuurra darbee, milkaa’ina " Dijitaala Itiyoophiyaa 2030"f gahee olaanaa akka qabaatu ibsaniiru. Barattoonni agarsiisicharratti hirmaatan, Meeshaalee Naannosaanii jiran fayyadamuun,Teeknooloojii rakkoo furuu danda’an bocuun dhiheessaniiru. Waltajjichi dandeettii kalaqaa barattootaa guddisuuf kaka’umsa kan isaanitti hore ta’uu barattoonni hirmaatan ibsaniiru.
Ispoortii
Atileet Misgaanaa Waaqumaa Seenaa Shampiyoona fiigicha tarkaanfii Addunyaa keessatti Itiyoophiyaaf medaalii jalqabaa argamsiise
Apr 13, 2026 243
Eebila 05/2018 (ENA): Shaampiyoona tarkaanfii Atileetiksii Addunyaa 31ffaa Biraazil, Magaalaa Biraaziiliiyaa keessatti gaggeeffamaa jira. Dorgommiiwwan xumuraa Atileetonni Itiyoophiyaa itti hirmaatan gaggeeffamaniiru. Dorgommii xumuraa fiigicha tarkaanfii Maaraatoonii walakkaa dhiirotaatiin, Atileeti Misgaanaa Waaqumaa sa’aatii 1 daqiiqaa 27 fi sekondii 33’n sadarkaa 2ffaa bahuun Medaalii Meetii argateera. Atileeti Misgaanaan, Itiyoophiyaan shaampiyoonaa kana irratti yeroo 6ffaaf hirmaannaa gooteen medaalii jalqabaa argamsiiseera. Atileetiin Xaaliyaanii Firaancheeskoo Foorchuunaatoo sadarkaa 1ffaa baheera. Atileetiin Biraazil Kaayoo Boonfiim immoo sadarkaa 3ffaa qabatee xumureera. Dorgommii xumuraa fiigicha tarkaanfii dubartoota kiiloomeetira 10 waggaa 20 gadiitiin, Hiwoot Ambaawu daqiiqaa 48 fi sekondii 52’n sadarkaa 9ffaa qabattee xumurteetti. Fageenyichaan yeroo gaarii galmeessifteetti. Atileetiin Chaayinaa Yuutoongi Yaangi sadarkaa 1ffaa baateetti. Akkasumas, Atileetiin Xaaliyaanii Seereenaa Di Faabiyoo sadarkaa 2ffaa, Atileetiin Chaayinaa Liihuwaa Nii sadarkaa 3ffaa qabatanii xumuraniiru. Dorgommii xumuraa kiiloomeetira 10 kan dhiirota waggaa 20 gadiitiin, Abduusalaam Abduulwahab daqiiqaa 42 fi sekondii 21’n sadarkaa 11ffaa qabatee xumureera. Fageenya kanaan yeroo isaa gaarii galmeessiseera. Atileetiin Chaayinaa Huuwaajiyaa Puu sadarkaa 1ffaa bahuun medaaliyaa warqee argateera. Atileetiin Awustiraaliyaa Isaaq Biikiroofti sadarkaa 2ffaa, atileetiin Xaaliyaanii Aleesiyoo Koopoolaa sadarkaa 3ffaa qabatanii xumuraniiru. Itiyoophiyaan dorgommiiwwan xumuraa sadii irratti hirmaattee, medaaliyaa meetii tokko argachuun xumurteetti. Seenaa shaampiyoonaa kana irratti hirmaatte keessatti medaaliyaa jalqabaa argatteetti.
Shaampiyoonaan tarkaanfii atileetiksii addunyaa 31ffaan har’a gaggeeffama
Apr 12, 2026 510
Ebla 4/2018 (ENA) - Shaampiyoonaan tarkaanfii atileetiksii addunyaa 31ffaan har’a iraazil magaalaa Biraaziliyaattii gaggeeffama. Shaampiyoonaan kun guyyaa keessaa sa’aatii 6 fi daqiiqaa 45 irraa eegalee ni gaggeeffama. Shaampiyoonaa kanarratti atileetonni biyyoota 40 irraa walitti dhufan 333 kan hirmaatan yoo ta’u, dorgommiin kun tarkaanfii Maaraatoonii, tarkaanfii walakkaa Maaraatoonii fi dorgommiiwwan km. 10 waggaa 20 gadii saala lamaaniinuu of keessaa qaba. Itiyoophiyaan waltajjii addunyaa kanarratti ni hirmaatti. Olompikii Paarisirratti hirmaatee qabxii quubsaa kan galmeessise atileet Misgaanaa Waaqumaa dorgommii tarkaanfii km. 20 irratti biyyasaa bakka bu’uun ni dorgoma. Dubartootaan ammoo shaampiyoonaa dargaggootaa Afriikaa Angoolaa fi Naayijeeriyaatti gaggeeffamanirratti meedaaliyaa Warqee kan argatte atileet Hiywoot Ambaawu dorgommii km. 10niin biyyashee bakka bu’uun ni dorgomti. Shaampiyoonaa Dirree Dawaa fi Finfinneetti gaggeeffamaniin kan mo’atte atileet Abdusalaam Abdulwahaab dhiiraan km 10niin akka dorgomu ni eegama. Garee jilaa kana adda durummaan kan gaggeessan bakka bu’aan daarektaraa federeeshinichaa obbo Tasfaayee Yifruu garee teeknikaa waliin gara Biraazil deemuunsaanii ni beekama. Dorgommiiwwan atileetiksii tarkaanfii addunyaa shan Itiyoophiyaa Kanaan dura hirmaatteen meedaaliyaa argattee hin beektu. Itiyoophiyaan meedaaliyaa Kanaan yeroo jalqabaaf meedaaliyaa argachuuf atileetonni sadii Itiyoophiyaa bakka bu’uun ni dorgomu.
Festivaalichi Tokkummaan Sab-daneessummaa kan itti cimuu fi waloominni kan itti  Calaqqisiisudha
Mar 29, 2026 526
Bitootessa 20/2018(ENA)- Festivaalli Ispoortiiwwan aadaa tokkummaan sabdaneessummaa kan itti jabaatuu fi duudhaan waliin jireenya sabootaa, sablammootaa fi ummattootaa kanitti calaqqisu ta’uu Pireezidantiin Naannoo Hararii Obbo Ordiin Badrii ibsan. Dorgommiin Isportii Aadaa biyyaalessaa 23ffaanii fi Festivaliin Isportii Aadaa 19ffaan mata-duree duree "Misoomni Ispoortii aadaa ol-ka'iinsa Itiyoophiyaatiif" jedhuun Magaalaa Hararitti jalqabeera. Pireezidantichi wayita sana akka jedhanitti; eegumsii fi mirkanaa’uun tokkummaa Sab-daneessummaa akkasumas waliin jireenyaa, Isportiiwwan aadaa guddisanii agarsiisuuf iddoo guddaa qaba jedhaniiru. Motummaan gama kanaan isportiin kun akka guddatu xiyyeeffannoo addaa kennuusaas dubbataniiru. Deetaa Ministira Damee Misooma Isportii Obbo Makiyyuu Mohammad gamasaanitiin; Mootummaan Isportii Aadaa walitti hidhaminsa naannawaa fiduuf,obbolummaa fi waliin jireenya cimsuuf itti fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru.   Itiyoophiyaan Festivalii Isportii Aadaa Afrikaa kan bara 2026 qopheessuuf carraa argachuu ishee yaadachiisaniiru. Carraa kanatti fayyadamuun ispoortiiwwan aadaa keenya obboloota keenya Afrikaatiif beeksisuuf hojjetamaa jiru jedhaniiru. Biyyaatti keessatti Isportiiwwan fi taphoota aadaa galmaa'an 293 ol qorannoon adda baafamuu mirkaneessaniiru.   Haata’u malee dambii fi seera taphaa dhiyaatee dorgommiidhaaf kan gahan gosa isportii 11 qofa akka hin caalle eeranii; fuulduratti kana babal’isuuf akka hojjetamu hubachiisaniiru. Prezidaantiin Mana Maree Federeeshinii Isportii Aadaa Itiyoophiyaa Aadde Hayiwaat Mohammad gamasaaniitiin, ispoortiin aadaa walitti hidhamiinsa ummataa haala fulla’aa ta’een cimsuu keessatti gahee olaanaa qaba jedhaniiru.   Magaalaa Hararitti kan jalqabame dorgommii fi Festivaliin Isportii aadaa kun guyyoota 8f kan turu yoo ta’u, guutuu biyyattiirraa ispoortessitoonni kuma tokkoo fi 500 ol ni hirmaatu jedhameera.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaaf biqiltuuwwan faayidaa hedduu qaban dhaabbiif qophaa’aniiru
Apr 15, 2026 162
Eebila 07/2018 (ENA): Bulchiinsa Diree Dhawaatti Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaaf biqiltuuwwan Fuduraa fi Bosonaa qophaa’aa jiraachuu Abbaan Taayitaa Eegumsa Naannoo, bosonaa fi jijjiirama qilleensaa naannichaa beeksise. Biqiltuuwwan Sagantaa Ashaaraa Magariisaa waggoottan darban dhaabbatan Omishtummaa Qonnaa guddisuun hawaasa baadiyaa gargaaramuurraa gara omishtummaatti ceesisaa jiraachuun himameera. Bulchiinsa Dirree Dhawaatti Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo,Bosonaa fi Qilleensaatti Daarektarri Misoomaa fi Eegumsa Bosonaa obbo Maasrashaa Yimar ENA’f akka ibsanitti, sagantaa Ashaaraa magariisaa bara kanaaf bulchiinsichatti buufataalee biqiltuu 20 ol ta’anitti biqiltuuwwan adda addaa qulqullinaan qophaa’aa jiru jedhani.   Biiroo Qonnaa, Bishaanii, Albuudaa fi Inarjii waliin qindoomuun biqiltuuwwan muduraa, bosonaa fi miidhaginaa biqilchuun dhaabbiif qophaa’aa jiraachuu obbo Maasrashaan ibsaniiru. Biqiltuuwwan Ganna bara kanaa dhaabbatan keessaa dhibbentaa 60 kan ta’an biqiltuuwwan garaa garaa haala ikkooloojii fi qilleensaa Dirree Dhawaa waliin kan wal simatan ta’uusaanii dubbataniiru. Bulchiinsichatti Biqiltuuwwan Sagantaa Ashaaraa Magariisaan waggoottan darban dhaabbatan keessaa dhibbeentaan 80 ol qabachuun, oomishaa fi oomishtummaa qonnaa guddisuuf haala mijataa uumuurra darbee sagantaa Maaddii Guutuu bu’aa qabeessa taasisaa jiraachuu beeksisaniiru. Abbaa Taayitichatti dursaan garee Misooma Bosonaa obbo Maammush Zoodee gamasaaniin, duula Ashaaraa magariisaa waggoottan torban darbaniin biqiltuuwan dhaabaman gammoojjummaa Dirree Dhawaa jijjiiruun lolaaf saaxilamuu magaalittii jijjiiraa jiraachuu dubbataniiru. Keessumaa gandoota baadiyaatti biqiltuuwwan kanneen akka Loomii, Paappaayyaa, Burtukaanaa fi kanneen biroon dhaabaman galii qonnaan bulaa dabaluunii fi carraa hojii dargaggootaa uumuun bu’aa qabatamaa argamsiisaniiru jedhaniiru.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 17271
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 2646
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan.   Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru.   Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru.   Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.  
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015