ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Itoophiyaan mirga hidha jallisii ijaaruu fi dhiyeessii bishaanii qabdutti fayyadamaa jirti
Oct 4, 2026 46
Fulbaana 24/2019 (ENA): Itiyoophiyaan mirga birmadummaa, imaammata bishaanii fi seera addunyaa waliin walsimsiisuun hidha jallisii fi dhiyeessii bishaanii laga Magaci irratti ijaaraa jirtu gara xumuraa irra gahuu Ministirri Bishaanii fi Inarjii Injinar Habtaamuu Ittafaa (PhD) ibsaniiru. Ministirri Bishaanii fi Inarjii, Injinar Habtaamuu Ittafaa (PhD) turtii ENA waliin taasisaniin, akka himanitti, namoonni siyaasaa Masrii Itiyoophiyaan hidhaalee biyyoota yaa’a abbayyaa hin miine ijaaruuf eyyama isaanii gaafachuu akka qabdu kan dubbatan ta’uu eeruun, kana dubbachuun isaanii kan nama qaanessudha jedhani. Aanga'oonni kunniin seenaa hidha Aswaan duubatti deebi'anii ilaaluun hidha kana ijaaruu isaaniin dura Itiyoophiyaa mariisisuu fi dhiisuu isaanii akka yaadan gorsaniiru. Itti fayyadama laga Abbayyaa irratti ejjennoon Masriin qabdu yeroon kan darbee fi bara koloneeffataa ta’uu kan calaqqisiisu dha jedhan. "Nuti kan Abbayyaati, Abbayyis kan keenya" kan jedhan yoo ta’u warri Masirii, ilaalchi kun gumaacha Itiyoophiyaan bishaan laga Abbayyaa keessatti qabdu tuffachuu fi fedhii ummata Itoophiyaa kan gaddugaleeffate miti jedhani. Hidhi Haaromsa Guddichi Itiyoophiyaa adda durummaan humna elektirikii bishaanii maddisiisuuf kan ijaarame ta’uu ibsuun, Magac laga Abbayyaa irraa kan maddu yoo ta’u, miidhaa Gibxii irratti kan hin geessisne ta’uu ibsaniiru. Itoophiyaan bu’uuraalee bishaanii haala karoora biyyaalessaan misoomsuuf eeyyama qaama biraa kan gaafattu akka hin jirre eeraniiru. Itiyoophiyaan mirga abbaa biyyummaa misoomaaf qabdu hojiirra oolchuuf pirojektii misoomaa Magac akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Ministirri Bishaanii fi Inarjii Itiyoophiyaan biyya birmadummaa qabdu mootummaa mataa ishee, sirnaa fi imaammata mataa ishee qabdu ta’uu ibsuun, Itiyoophiyaan hojii misoomaa isheef hayyama eenyuuyyuu akka hin barbaachifne dubbataniiru. Itiyoophiyaan hariiroo biyyoota yaa’a laga Abbayyaa waliin qabdu ilaalchisee ejjennoo qabdu fayyadamummaa waliinii irratti kan hundaa’e ta’uu dubbataniiru. Kanaaf sammuu koloneeffataa fi fedhiin bishaan qofaatti dhuunfachuu yeroon isaa akka darbe himaniiru. Obboloota keenya biyyoota yaa’a laga Abbayyaa jiran tilmaama keessa galchinee; biyyoota kanneen waliin guddachuu fi isaaniif yaaduu irratti kan hundaa’e ta’uu ibsaniiru. Mormiin pirojektoota misooma bishaanii Itiyoophiyaa yeroo dheeraaf deemaa akka ture yaadachiisuun, Masriin Itoophiyaa keessatti pirojektoota bishaanii bara 1950 fi 1960 irraa eegalee mormaa akka turte dubbataniiru. Deebiin Itiyoophiyaan qabeenya bishaanii ishee misoomsuun fedhii misooma bishaanii ishee guutuu fi gara fuulduraatti tarkaanfachuu akka ta’e ibsaniiru. Ibsi qondaaltonni Masrii yeroo adda addaa kennan sammuu koloneeffataa qajeeltoo hin taanee fi imaammata Kaayiroon hariiroo biyyoota Afrikaa waliin qabdu keessatti hordoftu ifatti kan agarsiisu ta’uu hubachiisaniiru. Itiyoophiyaan qabeenya bishaanii ishee qajeeltoo itti fayyadama bishaanii haqa qabeessaa fi madaalawaa ta’e irratti hundaa’uun misoomsuuf mirga birmadummaa akka qabdu ibsaniiru. Ijaarsi Hidha Aswaan Itiyoophiyaa osoo hin mariisisiin ykn hin hayyamin kan raawwatame ta’uu kan yaadachiisan Ministirri kun, Itiyoophiyaa osoo hin dabalatiin Masrii fi Sudaan gidduutti waliigalteen bishaan Abbayyaa bara 1959 kan raawwatame ta’uu ibsaniiru. Kunis qoodinsi bishaanii biyyoota lamaan qofaan akka murtaa’u taasiseera jedhan. Yeroo ammaa hidha haaromsa guddicha Itiyoophiyaa xumuruun hidhaalee biroo kan akka Magec fi kanneen biroo ijaaraa jirti. #Biyya_Guddoo #Uummata_Guddaa #Mul'ata_Guddaa #Ethiopia #ENA Afaan Oromoo# Miseensa Maatii ENA ta’aa : https://www.ena.et/web/links
Misooma Koriidaraa Fayyadamummaa Hundagaleessaaf.
Oct 4, 2026 63
Ammayyummaa fi guddina magaalotaa keessatti ijaarsaafi tajaajilli koriidaraa shoora guddaa fi tarsiimawaa taphata. Misoomni koriidaraa qofaatti sarara daandii fooyyessuu osoo hin taane, haaromsa dinagdee, hawaasummaa, miidhaginaa fi mala jireenya uummataa fooyyessuuf gahee olaanaa qaba. Magaalaan tokko sadarkaa idil-addunyaatti dorgomtuu fi jireenyaaf mijattuu akka taatuuf, akkasumas hawwata turizimii ta’uuf,yaa’insa turistootaa dabaluuf misoomni koriidaraa dhimma murteessaa fi isa olaanaadha. Mee gabaabsinee dhimma koriidaraa irratti isiniif haa dhiyeessinu. Misoomni koriidaraa faayidaalee hedduu qaba. Fayyadamummaa Hawaas-Dinagdee fi Haala Jireenya Hawaasaa Mijeessuu Misoomsi koriidaraa hojiiwwan madaallii jireenya uummataa ol kaasanii fi haala jireenya hawaasaa mijeessan keessaa isa tokkodha. Koriidaroonni ammayyaa tarsiimoon ijaaraman tajaajila daldalaa, bakka bashannanaa, bakkeewwan boqonnaa fi tajaajiloota adda addaa sarara tokko irratti walitti fiduun carraa hojii bal'aa hawaasaaf uumu. Kun immoo sochii dinagdee sa'aatii 24f gumaachuun sadarkaa galii fi dinagdee hawaasaa guddisa. Dabalataanis, daandiiwwan miilaa bal'aan, magariisummaanii fi mukkeeniin faayaman, tajaajila ibsaa ammayyaa dhiyeessuun hawaasni bakka qulqulluu fi tasgabbii qabutti akka walitti dhufu, bashannanuu fi imalu gargaara. Kun immoo haala jireenya jiraattota magaalotaa fooyyessuu fi tasgabbii hawaasummaa mirkaneessuu keessatti qooda guddaa qaba. Nageenya Tiraafikaa fi Sochii Uummataa Tartiibessuu Gaheen koriidarri nageenya tiraafikaa fi wal-dhiibbaa uummataa hir'isuu keessatti qabu iddoo guddaa qaba. Daandiiwwan koriidaraa imaltoota lafoo, bishkiliitii fi konkolaatotaaf sarara adda baafame qabaachuu isaaniitiin balaa tiraafikaa hir'isuu keessatti shoora olaanaa taphatu. Kana malees, daandiin lafoo bal'aan fi mala qajeelcha hawaasaa ammayyaa ta'e uummanni bal'inaan osoo wal hin dhiibiin, haala nagaa fi bilisaan akka imalan gargaara. Dabalataanis, sababa ummanni kan irra imalu hin qabneen konkolaataa waliin daandii tokkorra imalu ture hambisuun rakkoo gama kanaan dhufu hir’iseera. Miidhagina Magaalaa, Sadarkaa Idil-Addunyaa fi Hawwattummaa Turizimii Dabaluu keessatti Gahee Koriidarri qabu Koriidaroonni magaalaa guddina magaalaa dabaluu qofa osoo hin taane, halluu fi bifa ammayyaa magaalootaaf kennuun sadarkaa idil-addunyaatti akka dorgomtu taasisu. Qulqullina, magariisummaa, ibsaa ammayyaa fi ijaarsa aartii adda addaan faayamaniin dhiyeessuun magaalaa tokko iddoo hawwataa fi qulqulluu taasisa. Bakkeewwan kunniin turistonni idil-addunyaa akka magaalattii daawwataniif hawwata guddaa uumuun, tajaajila hooteelaa, aartii fi bakka bashannanaa adda addaan dabaalamuun galii turizimii irraa argamu guddisuun biyyaaf bu’aa olaanaa qaba. Magaalaan tokko fakkeenya idil-addunyaa akka taatuuf koriidarri bifa ammayyaawaa fi aadaa walitti qindeessuun dhiyeessuun faayidaa guddaa qaba. Misoomni Koriidaraa magaalota biyya keenyaa keessatti haala miidhagaa fi adda ta’ee hawwattummaa qabuun ijaaramaa jira. Kunis akkaataa aadaa fi safuu ummataa eeggateen ijaaramuun isaa immoo hawwattummaa guddaa dabaluun alattis hawaasni naannichaa kan isaa akka ta’e itti amanuun dhalootaaf akka dabarsu kunuunsa taasisu gargaara. Misoomni koriidaraa wayita hawwasni hedduuminaan bahee aadaa adda baabahiitti kabajatu wal dhiphisuun akka hin uumamneef gahee olaanaa qaba. Daandiin dhiphachuun ummanni wal irra dhaabbachuun , wal ukkaamsuun balaan uumamuu ni mala’ Misoomni koriidaraa garuu kanneen haala olaanaan hambiseera. Ayyaanota adda baabahiitti kabajaman keessaa tokko ayyaana Irreechaati. Ayyaanni Irreechaa keessummoota biyya keessaa fi biyya alaa miliyoona hedduutti lakkaahaman keessummeessa. Ummanni miliyoonaan tokkummaan,jaalalaa,waloomaan bahee kabajatu kana immoo nagaan bahee nagaan akka galuuf daandiin irra imalu mijachuun bu’aa olaanaa qaba. Magaalota ayyaanni Irreechaa hedduuminaan kabajamu keessaa magaalaan Bishooftuu ishee tokkdha. Magaalattiin yeroo ammaa kana keessummoota miliyoonaan lakkaahaman simatteetti. Dur daandiinishee dhiphaa fi imalaaf mijataa hin turre. Keessumaa immoo gaafa ummanni irreechaaf bahu baay’ee nama rakkisa ture. Garuu yeroo ammaa misooma koriidaraan daandiin ishee miidhaguun, miidhagina magaalattiif simboo addaa dabaluun cinatti keessummootaaf haala mijataa uumeera. Kan bahe nagaan akka galuuf haala mijeesseera. Walumaagalatti, misoomni koriidaraa ijaarsa daandii qofa osoo hin taane, bu'uura guddina hawaas-dinagdee, qajeelfama tiraafikaa ammayyaa fi miidhagina magaalaati. Uummata wal-dhiibbaa daandii irraa ittisuun, nageenya imaltootaa mirkaneessuu bira darbee, magaalota hawwata turizimii fi dorgomtoota idil-addunyaa taasisuu keessatti shoora bakka bu'iinsa hin qabne taphata. Kanafuu, koriidara ammayyeessuu fi kunuunsuun haala jireenya hawaasaa fooyyessuuf tarsiimoowwan dursa kennamuufii qaban keessaa isa tokkodha. #Biyya_Guddoo #Uummata_Guddaa #Mul'ata_Guddaa #Ethiopia #ENA Afaan Oromoo# Miseensa Maatii ENA ta’aa : https://www.ena.et/web/links
“Tokkummaan keenya Utubaa Amansiisaa Itoophiyaa Ceesisu Ta’uu Agarsiifneerra!” Pirezidaant Shimallis Abdiisa
Oct 4, 2026 75
Fulbaana 24/2019(ENA): Piresidaantiin Mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa Irreechi nagaan xumuramuu ilaalchisee ergaa dabarsaniiru. Guutuun ergichaa akka itti aanutti dhiyaateera. Irreechi bara 2019 alaa manaan wayyoomeera. Waatiifi maatiin golaafi goorrootti, sabaanis bantii duudhaafi safuu keenyaa Malkaa Finfinneefi Hora Harsadeetti Irreeffannee milkoofneerra. Milkiinis qajeelee abbaan sirnichaa Oromoonis ayyaanomeera. Uummatni naannoofi biyya keenyaa martii baga hoofkaltan; baga waliin hoofkalle. Irreechi ayyaantummaadha; ayyaantummaanis waggaa maree dhufu nagaa, eebbaafi milkaa’ina fidee dhufa. Malkaa Finfinneefi Hora Harsadeetti Irreeffannee irraa goras hooddachuun injifannoo keenya tikfachaa tokkummaa keenyas jabeeffachaa bara haaraatti ceeneerra. Uumaan keenya ba’aafi galatti nu gargaaree gufuufi gufaata nu baraaree galateeffannaa keenya kan nuuf simate inni haa ulfaatu. Irreechi tokkummaa, nagaafi jaalala humna walooma keenya jabeessuun tokkummaa keenyas bu’uura jabaarratti bu’uuressaa dhufedha. Irreeffannaa keenya bara kanaatiinis tokkummaa keenya cimsinee obbolummaa sabootaas mirkaneessuun ijaarsa waliigaltee biyyaalessaaf humna taaneerra. Imala ijaarsa biyyaa keessatti boqonnaa haaraa saaqamaa jiruun Oromoon karaa hin reeqqifneen Oromiyaa ijaaraa, Itoophiyaa Utubaa duudhaa eenyummaasaa itti fufuu akka danda’u agarsiifneerra. Wayyoomni jabaafi ilaalamni guddaan kun waan guyyaa tokkotti uumame osoo hin taane falaasama jireenyaafi sansaka namoomaa qormaatota injifatee jiraataa kan dhufe itita safuufi aadaa Oromoo; icciitii tokkummaan ijaaramedha. Oromummaan tokkummaadha; kabajaafi jaalala waloomaa keenya tiksu; mana eenyuyyuu, sababa kamiinuu harkasaa irratti olkaasuu hin qabne ta’uu akka hubatamun barbaada. Duudhaan keenyas guddaadha; safuun keenyas idil-addunyaawaadha. Ilaalamni keenyas maxxanaa miti; ofdanda’aa ta’uusaa miraan osoo hin taane beekumsa ogummaan masakameen hunduu hubachuun qajeelfamee akka ittiin jiraatu hubachiisuun fedha. Imala ijaarsa Itoophiyaa aarsaa nu gaafatu hunda kaffallee itti gaafatamummaa seenaa nu harka jiru milkeessinee yeroon Afrikaaf ifa taanee Addunyaa raajeffachiifnu ga’eera. Hoggansa tarsiima’aa kana milkeessuuf uummata qorqalbiin guutuu ilaafi ilaameen qajeelfamee mareefi marabbaan bulu horachaa dhufneerra. Kanaafis dambaliin kabaja Ayyaana Irreechaa Malkaa Finfinneefi Hora Harsadeerratti argame qaama injifannoo kanaati. Sabootni, sablammootniifi uummattootni Irreecha irratti argamuun nu waalchitan hundi kabajamaa ulfina argadhaa. Waloomni keenya kabaja biyyaati. Waliin milkoofnee waliin waggaa haaraatti ceeneerra. Mootummaan Naannoo Oromiyaa walooma kana bu’uura amansiisaa irratti dhaabuuf cimsee kan hojjetu ta’a. Lammilee biyya alaa duudhaafi safuu keenya daawwatamee hin quufamnetti boqotan jaalala Oromummaan simannee ulfina itti agarsiifneerra. Obbolootni keenya biyya alaafi keessaa Irreechaa xiyyeeffannoo Addunyaa akka ta’uuf hojjettan galatoomaa ulfaadhaa jenneerra. Jiraattotni magaalaa Bishooftuus dhangaa dhamdhamsiiftanii Hora qopheessitanii keessummoota simachuun gaggeessaa kabajaas waan taasiftaniif galata argadhaa. Qaamoliin Nageenyaa nagaa Irreeffattootaa tiksuuf halkaniifi guyyaa hojjetan hundaaf galatan qaba. Ogeessotni miidiyaa biyya keessaafi alaa hundi sirna Oromoo qe’ee isaatti argamtanii tamsaasa sirnaawaa waan taasiftaniif isin dinqisiifachuun barbaada. Kabajamaa uummata keenya Malkaa Finfinneetti akkuma milkoomne Hora Harsadeettis wayyoomneerra. Ulfoo keessanitti kabaja hortanii keessummaa karra hundaan dhufe simattanii nyaachisuurratti gaarummaan magaalaa Finfinneetti mul’ate magaalaa Bishooftuuttis dabalameera. Gaarummaan Irreeffannaa irratti mul’ate; jaalalaafi tokkummaa oljedhee ife kana cimsitanii akka bulfattaniifi daran kunuunfattan waamichakoon isiniif dhiyeessa. Oromiyaa ni ijaarra, Itoophiyaa ni utubna, Gaanfa Afriikaa ni tasgabbeessina; Waaqayyos nu gargaara! Shimallis Abdiisaa, PMNO Fulbaana 2019 Finfinnee #Biyya_Guddoo #Uummata_Guddaa #Mul'ata_Guddaa #Ethiopia #ENA Afaan Oromoo# Miseensa Maatii ENA ta’aa : https://www.ena.et/web/links
"Irreechi Hora Finfinneefi Harsadee milkaa'inaan xumurameera!" Abbootii Gadaa.
Oct 4, 2026 81
Fulbaana 24/2019(ENA) : Abbootiin Gadaa sirna kabaja ayyaana Irreechaa bara kanaa ilaalchisee ibsa miidiyaaf kennaniin, ayyaanni Irreechaa Hora Finfinneefi Harsadee rakkoo tokko malee karaa nagaa, jaalalaafi tokkummaan itti calaqqiseen kabajamee xumuramuu ibsaniiru. Abbaan Gadaa Tuulamaa Geetuu Taliilaa, Irreechi bara kanaa jala bultiirraa eegalee bifa adda ta'een karaa aadaafi duudhaa Irreechaa eegeefi guddummaa Oromoo calaqqisiiseen kabajamee xumuramuu himaniiru. Sabaafi sablammoonni biyya keenyaa aadaa isaanitiin faayamanii ayyaana keenya nu waliin kabajuun obbolummaasaanii nutti agarsiisaniif ayyaanichaaf miidhagina addaa dabaluufi Oromoon haammataa ta'uu kan agarsiise ta'uus dubbatabiiru. Uummanni Oromoo, qaamoleen nageenyaa, foolleefi daballeen qindaa'uun ayyaanichi karaa nagaan akka xumuramu gumaacha olaanaa taasisuu eeruun, qaamolee miidhaginaafi nageenyummaa ayyaanichaaf tumsan hunda galateeffataniiru. Abbaa Gadaa Maccaafi Walitti Qabaan Gamtaa Abbootii Gadaa Oromoo Warqinaa Tarreessaa, uummanni Oromoo bakka jirurraa walitti dhufuun uffata aadaafi meeshaalee ulfoo Oromootiin faayamee jaalalaafi tokkummaan kabajuu himan. Keessummoota kutaalee biyyattii adda addaarraa ayyaanicha isa waliin kabajuuf dhufeefis simannaafi kabaja addaa taasisuun guddummaa Oromoo kan itti agarsiise ta'uu dubbatanii, qaamolee milkaa'ina ayyaanichaaf kallattii garaagaraatiin tumsan hunda galateeffataniiru. Hooggantuun Biiroo Aadaafi Ispoortii Oromiyaa Aadde Roozaa Biyyaa gamasaaniin, ayyaanni Irreechaa karaa milkaa'ina qabuun akka kabajamu mootummaan dursee hojjachaa turuu yaadachiisaniiru. Keessattuu ayyaanicha sadarkaa addunyaatti beeksisuuf hojiiwwan ayyaanicha olkaasuufi beeksisuu danda'an hojjachaa turuufi hirmaattonni ayyaanichaa akka hin rakkanneef haala mijataa uumuus dubbataniiru. Mootummaan Naannoo Oromiyaa ayyaanni Irreechaa ‘UNESCO'tti akka galmaa'uuf hojiiwwan jajjaboo hojjachaa jiraachuu ibsaniiruu. Kantiibaan Bulchiinsa magaalaa Bishooftuu Obbo Alamaayyoo Asaffaas gama isaaniin haasawaa taasisaniin Irreechii duudhaalee gaggaarii qabaachuun Afrikaa bira darbee beekamtii Idil Addunyaa argatee jiraachuu ibsaniiru. Kanaan dura daandiin gara malkaa geessu tokko qofaa ture bu'uuraalee misoomaa guutuun waldhidhibbaa malee ummanni akka irreeffatan taasifamuun irreecha baranaa adda kan godhu ta'uu himuun, qaamolee ayyaanni irreechaa kun akka milkaa'uuf gahee isaanii bahatan galateeffataniiru. #Biyya_Guddoo #Uummata_Guddaa #Mul'ata_Guddaa #Ethiopia #ENA Afaan Oromoo# Miseensa Maatii ENA ta’aa : https://www.ena.et/web/links
Ayyaanni Irreechaa ayyaana Tokkummaan ummataa woloomnii fi jaalalli Itoophiyummaa kan itti mul’ate ayyaana guddaadha- Hirmaattota
Oct 4, 2026 65
Fulbaana 24/2019 (ENA): Ayyaanni Irreechaa ayyaana guddaa tokkummaa, waloomnii fi jaalalli Itoophiyummaa cimee itti mul’atedha jedhan hirmooattonni irreecha Hora Harsadee. Ayyaanni Irreecha Hora Harsadee sirna eebbootii Gadaan eegalamee yeroo ammaa haala ho’aan irreeffatamaa jira. Irreechi ayyaana ummanni Oromoo Ganna irraa gara Birraatti uumaan isa ceesiseef galata galfatudha. Hirmaataa ayyaana kanaa kan ta’e Darajjee Fiqiruun yaada ENAf kenneen akka ibsetti, Ummanni ayyaanicha jaalalaa fi tokkummaan, uffata aadaa isaa uffachuun miidhagee kabajaa jira jedhe. Ayyaanni Irreechaa ayyaana namni hundi bifa miidhagaa fi hawwataa ta’een waliin kabaju ta’uu ibsuun, ayyaanni kun tokkummaa fi walooma kan guddisu ta’uu ibsaniiru. Hirmaataa ayyaanichaa kan ta’e Booranaa Abarraa gama isaatiin,ayyaanichi haala aadaa fi safuu isaa eeggateen kabajamaa jira jedhe. Irreechi tokkummaa biyyaalessaa Itiyoophiyaanotaa kan mul’isu waan ta’eef ayyaanichi hariiroo waliin jireenya hawaasaa kan cimsudha jedheera. Irreechi ayyaana namni hundi Uumaa isaa galateeffatu tokkummaa fi waloomaan irratti hirmaatu waan ta’eef Itoophiyummaa cimsee kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru. Hirmaattuu ayyaanichaa kan biraa Siifan Urgeessaa gama isheetiin, duudhaaleen aadaa ayyaanichaa kunuunfamee dhaloota dhufuuf akka darbu hunduu ga’ee isaa bahuu akka qabu dubbatteetti. #Biyya_Guddoo #Uummata_Guddaa #Mul'ata_Guddaa #Ethiopia #ENA Afaan Oromoo#
Siyaasa
Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itoophiyaa qabxiilee ajandaa fi yaada furmaataa marii biyyaalessaa irraa argaman Mana maree Bakka Bu'oota Uummataatiif akkasumas Mootummaa Federaalaa fi Naannootiif har'a dhiyeesse
Oct 3, 2026 339
Fulbaana 23/2019 (ENA) Sagantaa kenninsa qabxiilee ajandaa fi yaada furmaataa marii biyyaalessaa irraa argaman Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad dabalatee hoggantoonni olaanoo federaalaa fi naannolee bakka argamanitti gaggeeffameen, Komishiniin Marii Biyyaalessaa qabxiilee ajandaa fi yaada furmaataa marii biyyaalessaa irraa argaman Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataatiif akkasumas mootummaa federaalaa fi naannootiif har'a kennameera jira. Walharkaa fuudhinsi sanadaa kun ,Itoophiyaanonni Marii fi karaa nagaatiin rakkoolee seenaa Itoophiyaa furuun barbaachisaa ta'uusaa hubachuudhaan, hammattoo seeraa fi yaadama mootummaa Ida'amuutiin uumameen adeemsa marii biyyaalessaa keessatti boqonnaa guddaa kan agarsiisu ta'uu Waajjirri Ministeraa muummee beeksiseera. Adeemsichi marii, waliigaltee fi tumsa uumuuf waltajjii hunda-hirmaachise ta'e diriirsuusaa hubachiiseera. Wagggootan Afran darbanis adeemsichi Itoophiyanota biyya keessaa fi Ala jiran hirmaachisuu danda'ee jira. Marii bal’aa Hirmaattonni taasisanii fi yaa’ii marii biyyaalessaa xumurameen yaada isaanii calaqqisiisuuf, ilaalchota adda addaa dhaggeeffachuuf fi dhimmoota waliigalteen irra gahame adda baasuuf carraa argatanii jiru. Bu'aawwan kunniin seeraan dhiyaachuun isaanii ilaalchotaa fi yaada furmaataa marii sana irraa walitti qabaman gara boqonnaa itti aanuutti ceesisuuf tarkaanfii guddaa qopha'e ta'uu waajjirichi ibseera. #PMOEthiopia
Hidhi Gibtsii Aswaan dhaala badiiti – Ministira Bishaanii fi Inarjii Dr. Habtaamuu Ittafaa
Oct 3, 2026 266
Hidhi Gibtsii Aswaan pirojektoota meeggaa Afrikaa keessatti falmii kaasan keessaa isa tokkodha. Ijaarsi hidha kanaa ummata Nuubiyaa kuma 100 ol ta'an qe'eesaanii, jireenyaa fi lafa isaanirraa kan buqqise yoo ta'u, rakkoo hamaafis isaan saaxileera. Adeemsi ijaarsa hidha Aswaan tarkaanfii qaama tokkoo fi Ashaaraan badii kan keessatti mul'attedha. Itoophiyaan yeroo sanaatti akka irratti marii’atamu daddeebitee waamicha dhiyeessitus, hidhichi garuu eeyyamaa fi waliigaltee Itoophiyaa malee ijaarameera. Qo'annoon yeroo sanaa Ameerikaa fi Biriteeniin gaggeeffaman, adeemsa ijaarsa hidha Aswaan ilaalchisee biyyoota yaa'a Laga Abbayyaa waliin marii bal'aan taasifamuu dhabuu isaatiin sodaa ture bifa qabatamaan kan agarsiisan turan. Galmeewwan 15 bara 1952 hanga 1960tti dokumentii ta’an sodaa kana ibsaniiru. Haata’u malee, Hidhi haaromsaa guddichi Itoophiyaa bu’uura waliigaltee ibsameen hammattoo Seeraa ammayyaa bara 2015 mallatteeffame irratti hundaa'e hordofa. Gibtsi, Itoophiyaa qeequu isheetiin dura, Hidha Aswaan maaliif waliigaltee Itoophiyaa malee akka ijaartee fi ummata Nuubiyaa kuma 100 ol ta'an maaliif akka buqqiste haala ifa ta'een ibsuu qabdi. Gibtsi hidha Aswaan biyya yaa'a lagaa kamiyyuu waliin marii malee ijaaruun ishee; akkasumas qo'annoo miidhaa isaa osoo hin taasisin ummata Nuubiyaa qe’ee fi jireenyaa isaaniirraa buqqisuun rakkoo hamaaf saaxiluun ishee dhaala badii hidhichaati. Gaaffiin irra daddeebii Itoophiyaan yeroo sana mariif dhiyeessitus gama Gibtsiin deebii hin arganne. Faallaa kanaan, dhimmi hidha Haaromsaa guddicha Itoophiyaa , bu’uura qajeeltoo walii galtee Sudaanii fi gibtsii bara 2015 mallatteessan irratti hundaa'uun mariif banaa taasifameera. Kaanarraa kan ka'e, Gibtsi Hidha Haaromsaa Guddichaa Itoophiyaa ilaalchisee Itoophiyaa qeequuf haamlee fi sababa tokkollee hin qabdu.
Doktar Tasfaayee Baljigee Pirezidaantii Naannoo Kibba Itoophiyaa ta’uun muudaman
Oct 2, 2026 407
Fulbaana 22/2019 (ENA)፦ Manni Maree Naannoo Kibba Itoophiyaa Doktar Tasfaayee Baaljigee Pirezidaantii Naannichaa ta’anii akka tajaajilan muudee jira. Manni marichaa Yaa’ii Idilee 1ffaa, bara hojii 1ffaa, Marsaa 7ffaa Magaalaa Arbaaminciitti gaggeesseera. Haaluma kanaan, Manni Marichaa Doktar Tasfaayee Baaljigee Pirezidaantii Naannoo Itoophiyaa Kibbaa ta’anii akka tajaajilan muudee jira. Biyya Guddoo, Uummata Guddaa, Mul’ata Guddaa
Manni Maree Naannoo Ummatoota kibba Lixa Itoophiyaa yaa'ii hundeeffamaa isaa gaggeessuu jalqabe
Oct 2, 2026 377
Fulbaana 22/2019 (ENA) Manni maree Naannoo Ummatoota kibba Lixa Itoophiyaa yaa'ii hundeeffamaa isaa magaalaa Taarcaatti gaggeessuu jalqabee jira. Biyya guddoo; Ummata guddaa; Mul'ata guddaa Manni Marichi oolmaa isaa har'aatiin Afa-yaa’ii naannichaa, Pirezidaantii naannichaa dabalatee muudama miseensota kaabinee garaa garaa ni raggaasisa jedhamee eegama.
Manni Maree Naannoo Hararii hundeeffamaa gaggeessuu jalqabe
Oct 2, 2026 314
Fulbaana 22/2019 (ENA) Manni maree naannoo Hararii bara hojii 7ffaa yaa’ii hundeeffamaa gaggeessuu eegaleera. Biyya guddoo; Ummata guddaa; Mul'ata guddaa Naannoon Hararii hundeeffamaa bara hojii 7ffaa, waggaa 1ffaa, yaa'ii 1ffaa isaa gaggeessuu jalqabee jira. Manni mariachi Afa-yaa’ii , itti aanaa Afa-yaa’ii fi pirezidaantii naannichaa ni raggaasisa jedhamee eeggama. Manni marichi dhiheessummaa pirezidaantiin muudama hoggantoota sadarkaa olaanaan fi kanneen biroo ni raggaasisa jedhamee eegama.
Caaseffamni godinaalee haaraan mootummaa naannoo Oromiyaatiin ifoome fayyadama lammiilees ta’e biyyaa hunda galeessaa ta’e mirkaneessuuf dandeettii cimaa kan uumudha-jiraattota
Oct 2, 2026 366
Fulbaana 21/2019 (ENA) - Caaseffamni godinaalee haaraan mootummaa naannoo Oromiyaatiin ifoome hojiilee misoomaa gama hundaan hojjetamaniin sirna hordoffii fi deeggarsaa cimaa fiduun fayyadama lammiilees ta’e biyyaa hunda galeessaa ta’e mirkaneessuuf dandeettii cimaa kan uumu ta’uu jiraattonni magaalaa Mattuu ibsan. Caaseffamni godinaalee kun gurmaa’insa mootummaa caalaa gara hawaasaatti gadi buusuun qaqqabinsa misoomaa fi bulchiinsa gaarii dabaluuf humna kan uumudha jechuun ibsaniiru. Fayyadamummaa fi guddina lammiilee mirkaneessuuf dandeettii raawwachiisummaa aangoo mootummaa naannichaa sadarkaa godinaa, aanaa fi gandatti kan dabalu ta’uu jiraattonni magaalichaa ENA’n dubbise ibsaniiru. Godinaalee naannichaa 21 turan 6tti hir’isuun sadarkaa itti aanaa pirezidaantii naannootti akka gaggeeffaman taasifamuunsaanii murtoo sadarkaa godinaatti kennamu kan guddisu waan ta’ef faayidaa guddaa akka qabaatu kan kaasan jiraataa magaalaa Mattuu obbo Shariif Shifaa ti. Caaseffamni kun namoonni tajaajilaa fi gaaffii misoomaa dhiheenyatti akka argatan kan taasisu akka ta’e ibsaniiru. Jiraataan magaalichaa obbo Sisaay Taaddasaa caaseffamni godinaa haaraan aangoon gara hawaasaatti akka bu’u gochuun fayyadama misoomaa caalaatti mirkaneessuu kan dandeessisu akka ta’u amantaa qaban ibsaniiru. Caaseffamichi sirna aangoo jiddu galeessa hin taane waan mirkaneessuuf dhiheenyatti tajaajila kennuuf kan dandeessisu ta’uu kaasaniiru. Sirna hordoffii fi deeggarsaa cimaa hojiirra oolchuudhaan fayyadama misoomaa lammiilees ta’e biyyaa mirkaneessuuf humna guddaa kan uumu ta’uusaa kan kaasan ammo obbo Addisuu Taammiruuti. Kaayyoon hojmaata caaseffama godinaa haaraa mootummaa naannichaan yaadame fayyadama lammiilee fi ummataa walii galaa akka dhugoomu hirmaannaa fi kutannoo hundaa murteessaa waan ta’eef waan irraa barbaadamu bahachuuf qophii ta’uusaanii jiraattonni kaasaniiru.
Doktor Masaay Hayiluu Pirezidaantii Haaraa Naannoo Sidamaa ta'uun muudaman
Oct 1, 2026 699
Fulbaana 21/2019 (ENA) Manni maree Naannoo Sidamaa Doktor Masaay Hayiluu Pirezidaantii haaraa naannicha gochuun muudeera. Yaa’iin hundeeffamaa mana maree Naannichaa Magaalaa Hawaasaatti gaggeeffamaa jira. Kanaanis, Doktor Masaay Hayiluu Pireezidaantii Naannichaa ta'uun muudamaniiru. Doktor Masaay kanaan dura Dhaabbata Fayyaa hawaasaa Itoophiyaatti daarektera olaanaa ta'uun tajaajilaa turaniiru. Manni mariachi waga’ii hundeeffamaa kana irratti Itti Aanaa Pireezidaantii Naannichaa fi muudamoota biroos ni raggaasisa jedhamee eegama

Hawaasummaa
“Tokkummaan keenya Utubaa Amansiisaa Itoophiyaa Ceesisu Ta’uu Agarsiifneerra!” Pirezidaant Shimallis Abdiisa
Oct 4, 2026 75
Fulbaana 24/2019(ENA): Piresidaantiin Mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa Irreechi nagaan xumuramuu ilaalchisee ergaa dabarsaniiru. Guutuun ergichaa akka itti aanutti dhiyaateera. Irreechi bara 2019 alaa manaan wayyoomeera. Waatiifi maatiin golaafi goorrootti, sabaanis bantii duudhaafi safuu keenyaa Malkaa Finfinneefi Hora Harsadeetti Irreeffannee milkoofneerra. Milkiinis qajeelee abbaan sirnichaa Oromoonis ayyaanomeera. Uummatni naannoofi biyya keenyaa martii baga hoofkaltan; baga waliin hoofkalle. Irreechi ayyaantummaadha; ayyaantummaanis waggaa maree dhufu nagaa, eebbaafi milkaa’ina fidee dhufa. Malkaa Finfinneefi Hora Harsadeetti Irreeffannee irraa goras hooddachuun injifannoo keenya tikfachaa tokkummaa keenyas jabeeffachaa bara haaraatti ceeneerra. Uumaan keenya ba’aafi galatti nu gargaaree gufuufi gufaata nu baraaree galateeffannaa keenya kan nuuf simate inni haa ulfaatu. Irreechi tokkummaa, nagaafi jaalala humna walooma keenya jabeessuun tokkummaa keenyas bu’uura jabaarratti bu’uuressaa dhufedha. Irreeffannaa keenya bara kanaatiinis tokkummaa keenya cimsinee obbolummaa sabootaas mirkaneessuun ijaarsa waliigaltee biyyaalessaaf humna taaneerra. Imala ijaarsa biyyaa keessatti boqonnaa haaraa saaqamaa jiruun Oromoon karaa hin reeqqifneen Oromiyaa ijaaraa, Itoophiyaa Utubaa duudhaa eenyummaasaa itti fufuu akka danda’u agarsiifneerra. Wayyoomni jabaafi ilaalamni guddaan kun waan guyyaa tokkotti uumame osoo hin taane falaasama jireenyaafi sansaka namoomaa qormaatota injifatee jiraataa kan dhufe itita safuufi aadaa Oromoo; icciitii tokkummaan ijaaramedha. Oromummaan tokkummaadha; kabajaafi jaalala waloomaa keenya tiksu; mana eenyuyyuu, sababa kamiinuu harkasaa irratti olkaasuu hin qabne ta’uu akka hubatamun barbaada. Duudhaan keenyas guddaadha; safuun keenyas idil-addunyaawaadha. Ilaalamni keenyas maxxanaa miti; ofdanda’aa ta’uusaa miraan osoo hin taane beekumsa ogummaan masakameen hunduu hubachuun qajeelfamee akka ittiin jiraatu hubachiisuun fedha. Imala ijaarsa Itoophiyaa aarsaa nu gaafatu hunda kaffallee itti gaafatamummaa seenaa nu harka jiru milkeessinee yeroon Afrikaaf ifa taanee Addunyaa raajeffachiifnu ga’eera. Hoggansa tarsiima’aa kana milkeessuuf uummata qorqalbiin guutuu ilaafi ilaameen qajeelfamee mareefi marabbaan bulu horachaa dhufneerra. Kanaafis dambaliin kabaja Ayyaana Irreechaa Malkaa Finfinneefi Hora Harsadeerratti argame qaama injifannoo kanaati. Sabootni, sablammootniifi uummattootni Irreecha irratti argamuun nu waalchitan hundi kabajamaa ulfina argadhaa. Waloomni keenya kabaja biyyaati. Waliin milkoofnee waliin waggaa haaraatti ceeneerra. Mootummaan Naannoo Oromiyaa walooma kana bu’uura amansiisaa irratti dhaabuuf cimsee kan hojjetu ta’a. Lammilee biyya alaa duudhaafi safuu keenya daawwatamee hin quufamnetti boqotan jaalala Oromummaan simannee ulfina itti agarsiifneerra. Obbolootni keenya biyya alaafi keessaa Irreechaa xiyyeeffannoo Addunyaa akka ta’uuf hojjettan galatoomaa ulfaadhaa jenneerra. Jiraattotni magaalaa Bishooftuus dhangaa dhamdhamsiiftanii Hora qopheessitanii keessummoota simachuun gaggeessaa kabajaas waan taasiftaniif galata argadhaa. Qaamoliin Nageenyaa nagaa Irreeffattootaa tiksuuf halkaniifi guyyaa hojjetan hundaaf galatan qaba. Ogeessotni miidiyaa biyya keessaafi alaa hundi sirna Oromoo qe’ee isaatti argamtanii tamsaasa sirnaawaa waan taasiftaniif isin dinqisiifachuun barbaada. Kabajamaa uummata keenya Malkaa Finfinneetti akkuma milkoomne Hora Harsadeettis wayyoomneerra. Ulfoo keessanitti kabaja hortanii keessummaa karra hundaan dhufe simattanii nyaachisuurratti gaarummaan magaalaa Finfinneetti mul’ate magaalaa Bishooftuuttis dabalameera. Gaarummaan Irreeffannaa irratti mul’ate; jaalalaafi tokkummaa oljedhee ife kana cimsitanii akka bulfattaniifi daran kunuunfattan waamichakoon isiniif dhiyeessa. Oromiyaa ni ijaarra, Itoophiyaa ni utubna, Gaanfa Afriikaa ni tasgabbeessina; Waaqayyos nu gargaara! Shimallis Abdiisaa, PMNO Fulbaana 2019 Finfinnee #Biyya_Guddoo #Uummata_Guddaa #Mul'ata_Guddaa #Ethiopia #ENA Afaan Oromoo# Miseensa Maatii ENA ta’aa : https://www.ena.et/web/links
"Irreechi Hora Finfinneefi Harsadee milkaa'inaan xumurameera!" Abbootii Gadaa.
Oct 4, 2026 81
Fulbaana 24/2019(ENA) : Abbootiin Gadaa sirna kabaja ayyaana Irreechaa bara kanaa ilaalchisee ibsa miidiyaaf kennaniin, ayyaanni Irreechaa Hora Finfinneefi Harsadee rakkoo tokko malee karaa nagaa, jaalalaafi tokkummaan itti calaqqiseen kabajamee xumuramuu ibsaniiru. Abbaan Gadaa Tuulamaa Geetuu Taliilaa, Irreechi bara kanaa jala bultiirraa eegalee bifa adda ta'een karaa aadaafi duudhaa Irreechaa eegeefi guddummaa Oromoo calaqqisiiseen kabajamee xumuramuu himaniiru. Sabaafi sablammoonni biyya keenyaa aadaa isaanitiin faayamanii ayyaana keenya nu waliin kabajuun obbolummaasaanii nutti agarsiisaniif ayyaanichaaf miidhagina addaa dabaluufi Oromoon haammataa ta'uu kan agarsiise ta'uus dubbatabiiru. Uummanni Oromoo, qaamoleen nageenyaa, foolleefi daballeen qindaa'uun ayyaanichi karaa nagaan akka xumuramu gumaacha olaanaa taasisuu eeruun, qaamolee miidhaginaafi nageenyummaa ayyaanichaaf tumsan hunda galateeffataniiru. Abbaa Gadaa Maccaafi Walitti Qabaan Gamtaa Abbootii Gadaa Oromoo Warqinaa Tarreessaa, uummanni Oromoo bakka jirurraa walitti dhufuun uffata aadaafi meeshaalee ulfoo Oromootiin faayamee jaalalaafi tokkummaan kabajuu himan. Keessummoota kutaalee biyyattii adda addaarraa ayyaanicha isa waliin kabajuuf dhufeefis simannaafi kabaja addaa taasisuun guddummaa Oromoo kan itti agarsiise ta'uu dubbatanii, qaamolee milkaa'ina ayyaanichaaf kallattii garaagaraatiin tumsan hunda galateeffataniiru. Hooggantuun Biiroo Aadaafi Ispoortii Oromiyaa Aadde Roozaa Biyyaa gamasaaniin, ayyaanni Irreechaa karaa milkaa'ina qabuun akka kabajamu mootummaan dursee hojjachaa turuu yaadachiisaniiru. Keessattuu ayyaanicha sadarkaa addunyaatti beeksisuuf hojiiwwan ayyaanicha olkaasuufi beeksisuu danda'an hojjachaa turuufi hirmaattonni ayyaanichaa akka hin rakkanneef haala mijataa uumuus dubbataniiru. Mootummaan Naannoo Oromiyaa ayyaanni Irreechaa ‘UNESCO'tti akka galmaa'uuf hojiiwwan jajjaboo hojjachaa jiraachuu ibsaniiruu. Kantiibaan Bulchiinsa magaalaa Bishooftuu Obbo Alamaayyoo Asaffaas gama isaaniin haasawaa taasisaniin Irreechii duudhaalee gaggaarii qabaachuun Afrikaa bira darbee beekamtii Idil Addunyaa argatee jiraachuu ibsaniiru. Kanaan dura daandiin gara malkaa geessu tokko qofaa ture bu'uuraalee misoomaa guutuun waldhidhibbaa malee ummanni akka irreeffatan taasifamuun irreecha baranaa adda kan godhu ta'uu himuun, qaamolee ayyaanni irreechaa kun akka milkaa'uuf gahee isaanii bahatan galateeffataniiru. #Biyya_Guddoo #Uummata_Guddaa #Mul'ata_Guddaa #Ethiopia #ENA Afaan Oromoo# Miseensa Maatii ENA ta’aa : https://www.ena.et/web/links
Ayyaanni Irreechaa ayyaana Tokkummaan ummataa woloomnii fi jaalalli Itoophiyummaa kan itti mul’ate ayyaana guddaadha- Hirmaattota
Oct 4, 2026 65
Fulbaana 24/2019 (ENA): Ayyaanni Irreechaa ayyaana guddaa tokkummaa, waloomnii fi jaalalli Itoophiyummaa cimee itti mul’atedha jedhan hirmooattonni irreecha Hora Harsadee. Ayyaanni Irreecha Hora Harsadee sirna eebbootii Gadaan eegalamee yeroo ammaa haala ho’aan irreeffatamaa jira. Irreechi ayyaana ummanni Oromoo Ganna irraa gara Birraatti uumaan isa ceesiseef galata galfatudha. Hirmaataa ayyaana kanaa kan ta’e Darajjee Fiqiruun yaada ENAf kenneen akka ibsetti, Ummanni ayyaanicha jaalalaa fi tokkummaan, uffata aadaa isaa uffachuun miidhagee kabajaa jira jedhe. Ayyaanni Irreechaa ayyaana namni hundi bifa miidhagaa fi hawwataa ta’een waliin kabaju ta’uu ibsuun, ayyaanni kun tokkummaa fi walooma kan guddisu ta’uu ibsaniiru. Hirmaataa ayyaanichaa kan ta’e Booranaa Abarraa gama isaatiin,ayyaanichi haala aadaa fi safuu isaa eeggateen kabajamaa jira jedhe. Irreechi tokkummaa biyyaalessaa Itiyoophiyaanotaa kan mul’isu waan ta’eef ayyaanichi hariiroo waliin jireenya hawaasaa kan cimsudha jedheera. Irreechi ayyaana namni hundi Uumaa isaa galateeffatu tokkummaa fi waloomaan irratti hirmaatu waan ta’eef Itoophiyummaa cimsee kan agarsiisu ta’uu ibsaniiru. Hirmaattuu ayyaanichaa kan biraa Siifan Urgeessaa gama isheetiin, duudhaaleen aadaa ayyaanichaa kunuunfamee dhaloota dhufuuf akka darbu hunduu ga’ee isaa bahuu akka qabu dubbatteetti. #Biyya_Guddoo #Uummata_Guddaa #Mul'ata_Guddaa #Ethiopia #ENA Afaan Oromoo#
Ayyaana Irreecha Hora Finfinnee haala tokkummaa fi walooma cimsuun kabajneerra – Hirmaattota ayyaanichaa
Oct 3, 2026 246
Fuulbana 23/2019 (ENA): Hirmaattonni ayyaanichaa akka ibsanitti, ayyaana Irreecha Hora Finfinnee gamtaan, tokkummaa fi obbolummaa haala cimsuun bifa miidhagaa fi oo'aan kabajuu isaanii hirmaattonni ayyaanichaa ibsaniiru. Itoophiyaan biyya guddoo, uummata guddaa fi mul'ata guddaa qabdudha. Qabeenya Guddummaa ishee kana mirkaneessan keessaa qabeenyi Amantaa, Aadaa, seenaa fi hambaa nam-tolchee, aadaa fi hawata tuuriizimii ishee isaan ijoodha. Qabeenya aadaa kana keessaa immoo ayyaani Irreechaa sirna Gadaa keessaa maddu isa tokkodha. Irreechi waggaa waggaadhaan sagantaa gara garaatiin dirreerratti kan kabajamu yoo ta'u, ayyaanni Irreecha Hora Finfinnee har'a magaalaa Finfinneetti bifa miidhagaa ta'een kabajameera. Hirmaattonni ayyaanicha irratti hirmaachuuf kutaa Oromiyaa garaa garaa irraa dhufan akka ENA’f ibsanitti; ayyaanni Irreechaa jaalalaa fi tokkummaa kan walitti qabu mallattoo nagaati. Manguddoo biyyaa Amboo irraa dhufan obbo Baay'isaa Joobir; ayyaanni Irreecha Hora Finfinnee kan bara kanaa haala miidhagaa ta'een kabajamuu isaa dubbataniiru. Irreechi haaloo fi jibbinsa dhiisuun kan kabajamu ayyaana nagaa, araaraa fi tokkummaa ta'uu isaa eeranii; duudhaa nagaa Irreechaa uummata addunyaatiif bal'inaan beeksisuun akka barbaachisu dubbataniiru. Manguddoon Shaashamannee irraa dhufan obbo Alii Hamdaa gamasaaniin saboonni garaagaraa ayyaana Irreecha Hora Finfinnee irratti hirmaachuun obbolummaa fi jaalalaan haala miidhagaadhaan kabajuu isaanii dubbataniiru. Irreechi uummanni Oromoo tokkummaan walitti qabamee Uumaa isaa kan galateeffatu, akkasumas nagaa fi misooma kan itti cimsatan ta'uu ibsaniiru. Duudhaan Siinqee Kabaja, Araara fi mallattoo nagaa kan ta'e duudhaa aadaa Oromoo ta'uu kan ibsan immoo Arsii Asallaa irraa kan dhufan Haadha Siinqee Almaaz Bulaatuu dha. Irreechi uummata Oromoo qofa osoo hin ta'iin, sabootaa fi sab-lammoota biroos jaalalaa fi wal- amantaan kan irratti hirmaatanidha jechuun, jaalala, araaraa fi walooma Irreechaa cimsuun akka qaban dubbataniiru. Ayyaanni Irreechaa waggaa waggaadhaan gammachuudhaan kabajama, yeroo irraa gara yerootti bal'achaa fi jaalalaan kan kabajamuudha. Hirmaattonni Ayyaanichaa uummata Oromoo qofa osoo hin ta'in saboonnii fi sab-lammiyonni biroos uffata adda addaa uffatanii mul'atu; kun uffata aadaa Oromoo qofa osoo hin ta'in, kan sabootaa fi sab-lammoota hundaati. Hirmaattonni ayyaanichaa duudhaan nagaa fi tokkummaa Irreechaa cimee fuuldurattis akka itti fufuu qabu ibsaniiru.
Diinagdee
Itoophiyaan mirga hidha jallisii ijaaruu fi dhiyeessii bishaanii qabdutti fayyadamaa jirti
Oct 4, 2026 46
Fulbaana 24/2019 (ENA): Itiyoophiyaan mirga birmadummaa, imaammata bishaanii fi seera addunyaa waliin walsimsiisuun hidha jallisii fi dhiyeessii bishaanii laga Magaci irratti ijaaraa jirtu gara xumuraa irra gahuu Ministirri Bishaanii fi Inarjii Injinar Habtaamuu Ittafaa (PhD) ibsaniiru. Ministirri Bishaanii fi Inarjii, Injinar Habtaamuu Ittafaa (PhD) turtii ENA waliin taasisaniin, akka himanitti, namoonni siyaasaa Masrii Itiyoophiyaan hidhaalee biyyoota yaa’a abbayyaa hin miine ijaaruuf eyyama isaanii gaafachuu akka qabdu kan dubbatan ta’uu eeruun, kana dubbachuun isaanii kan nama qaanessudha jedhani. Aanga'oonni kunniin seenaa hidha Aswaan duubatti deebi'anii ilaaluun hidha kana ijaaruu isaaniin dura Itiyoophiyaa mariisisuu fi dhiisuu isaanii akka yaadan gorsaniiru. Itti fayyadama laga Abbayyaa irratti ejjennoon Masriin qabdu yeroon kan darbee fi bara koloneeffataa ta’uu kan calaqqisiisu dha jedhan. "Nuti kan Abbayyaati, Abbayyis kan keenya" kan jedhan yoo ta’u warri Masirii, ilaalchi kun gumaacha Itiyoophiyaan bishaan laga Abbayyaa keessatti qabdu tuffachuu fi fedhii ummata Itoophiyaa kan gaddugaleeffate miti jedhani. Hidhi Haaromsa Guddichi Itiyoophiyaa adda durummaan humna elektirikii bishaanii maddisiisuuf kan ijaarame ta’uu ibsuun, Magac laga Abbayyaa irraa kan maddu yoo ta’u, miidhaa Gibxii irratti kan hin geessisne ta’uu ibsaniiru. Itoophiyaan bu’uuraalee bishaanii haala karoora biyyaalessaan misoomsuuf eeyyama qaama biraa kan gaafattu akka hin jirre eeraniiru. Itiyoophiyaan mirga abbaa biyyummaa misoomaaf qabdu hojiirra oolchuuf pirojektii misoomaa Magac akka fakkeenyaatti kaasaniiru. Ministirri Bishaanii fi Inarjii Itiyoophiyaan biyya birmadummaa qabdu mootummaa mataa ishee, sirnaa fi imaammata mataa ishee qabdu ta’uu ibsuun, Itiyoophiyaan hojii misoomaa isheef hayyama eenyuuyyuu akka hin barbaachifne dubbataniiru. Itiyoophiyaan hariiroo biyyoota yaa’a laga Abbayyaa waliin qabdu ilaalchisee ejjennoo qabdu fayyadamummaa waliinii irratti kan hundaa’e ta’uu dubbataniiru. Kanaaf sammuu koloneeffataa fi fedhiin bishaan qofaatti dhuunfachuu yeroon isaa akka darbe himaniiru. Obboloota keenya biyyoota yaa’a laga Abbayyaa jiran tilmaama keessa galchinee; biyyoota kanneen waliin guddachuu fi isaaniif yaaduu irratti kan hundaa’e ta’uu ibsaniiru. Mormiin pirojektoota misooma bishaanii Itiyoophiyaa yeroo dheeraaf deemaa akka ture yaadachiisuun, Masriin Itoophiyaa keessatti pirojektoota bishaanii bara 1950 fi 1960 irraa eegalee mormaa akka turte dubbataniiru. Deebiin Itiyoophiyaan qabeenya bishaanii ishee misoomsuun fedhii misooma bishaanii ishee guutuu fi gara fuulduraatti tarkaanfachuu akka ta’e ibsaniiru. Ibsi qondaaltonni Masrii yeroo adda addaa kennan sammuu koloneeffataa qajeeltoo hin taanee fi imaammata Kaayiroon hariiroo biyyoota Afrikaa waliin qabdu keessatti hordoftu ifatti kan agarsiisu ta’uu hubachiisaniiru. Itiyoophiyaan qabeenya bishaanii ishee qajeeltoo itti fayyadama bishaanii haqa qabeessaa fi madaalawaa ta’e irratti hundaa’uun misoomsuuf mirga birmadummaa akka qabdu ibsaniiru. Ijaarsi Hidha Aswaan Itiyoophiyaa osoo hin mariisisiin ykn hin hayyamin kan raawwatame ta’uu kan yaadachiisan Ministirri kun, Itiyoophiyaa osoo hin dabalatiin Masrii fi Sudaan gidduutti waliigalteen bishaan Abbayyaa bara 1959 kan raawwatame ta’uu ibsaniiru. Kunis qoodinsi bishaanii biyyoota lamaan qofaan akka murtaa’u taasiseera jedhan. Yeroo ammaa hidha haaromsa guddicha Itiyoophiyaa xumuruun hidhaalee biroo kan akka Magec fi kanneen biroo ijaaraa jirti. #Biyya_Guddoo #Uummata_Guddaa #Mul'ata_Guddaa #Ethiopia #ENA Afaan Oromoo# Miseensa Maatii ENA ta’aa : https://www.ena.et/web/links
Misooma Koriidaraa Fayyadamummaa Hundagaleessaaf.
Oct 4, 2026 63
Ammayyummaa fi guddina magaalotaa keessatti ijaarsaafi tajaajilli koriidaraa shoora guddaa fi tarsiimawaa taphata. Misoomni koriidaraa qofaatti sarara daandii fooyyessuu osoo hin taane, haaromsa dinagdee, hawaasummaa, miidhaginaa fi mala jireenya uummataa fooyyessuuf gahee olaanaa qaba. Magaalaan tokko sadarkaa idil-addunyaatti dorgomtuu fi jireenyaaf mijattuu akka taatuuf, akkasumas hawwata turizimii ta’uuf,yaa’insa turistootaa dabaluuf misoomni koriidaraa dhimma murteessaa fi isa olaanaadha. Mee gabaabsinee dhimma koriidaraa irratti isiniif haa dhiyeessinu. Misoomni koriidaraa faayidaalee hedduu qaba. Fayyadamummaa Hawaas-Dinagdee fi Haala Jireenya Hawaasaa Mijeessuu Misoomsi koriidaraa hojiiwwan madaallii jireenya uummataa ol kaasanii fi haala jireenya hawaasaa mijeessan keessaa isa tokkodha. Koriidaroonni ammayyaa tarsiimoon ijaaraman tajaajila daldalaa, bakka bashannanaa, bakkeewwan boqonnaa fi tajaajiloota adda addaa sarara tokko irratti walitti fiduun carraa hojii bal'aa hawaasaaf uumu. Kun immoo sochii dinagdee sa'aatii 24f gumaachuun sadarkaa galii fi dinagdee hawaasaa guddisa. Dabalataanis, daandiiwwan miilaa bal'aan, magariisummaanii fi mukkeeniin faayaman, tajaajila ibsaa ammayyaa dhiyeessuun hawaasni bakka qulqulluu fi tasgabbii qabutti akka walitti dhufu, bashannanuu fi imalu gargaara. Kun immoo haala jireenya jiraattota magaalotaa fooyyessuu fi tasgabbii hawaasummaa mirkaneessuu keessatti qooda guddaa qaba. Nageenya Tiraafikaa fi Sochii Uummataa Tartiibessuu Gaheen koriidarri nageenya tiraafikaa fi wal-dhiibbaa uummataa hir'isuu keessatti qabu iddoo guddaa qaba. Daandiiwwan koriidaraa imaltoota lafoo, bishkiliitii fi konkolaatotaaf sarara adda baafame qabaachuu isaaniitiin balaa tiraafikaa hir'isuu keessatti shoora olaanaa taphatu. Kana malees, daandiin lafoo bal'aan fi mala qajeelcha hawaasaa ammayyaa ta'e uummanni bal'inaan osoo wal hin dhiibiin, haala nagaa fi bilisaan akka imalan gargaara. Dabalataanis, sababa ummanni kan irra imalu hin qabneen konkolaataa waliin daandii tokkorra imalu ture hambisuun rakkoo gama kanaan dhufu hir’iseera. Miidhagina Magaalaa, Sadarkaa Idil-Addunyaa fi Hawwattummaa Turizimii Dabaluu keessatti Gahee Koriidarri qabu Koriidaroonni magaalaa guddina magaalaa dabaluu qofa osoo hin taane, halluu fi bifa ammayyaa magaalootaaf kennuun sadarkaa idil-addunyaatti akka dorgomtu taasisu. Qulqullina, magariisummaa, ibsaa ammayyaa fi ijaarsa aartii adda addaan faayamaniin dhiyeessuun magaalaa tokko iddoo hawwataa fi qulqulluu taasisa. Bakkeewwan kunniin turistonni idil-addunyaa akka magaalattii daawwataniif hawwata guddaa uumuun, tajaajila hooteelaa, aartii fi bakka bashannanaa adda addaan dabaalamuun galii turizimii irraa argamu guddisuun biyyaaf bu’aa olaanaa qaba. Magaalaan tokko fakkeenya idil-addunyaa akka taatuuf koriidarri bifa ammayyaawaa fi aadaa walitti qindeessuun dhiyeessuun faayidaa guddaa qaba. Misoomni Koriidaraa magaalota biyya keenyaa keessatti haala miidhagaa fi adda ta’ee hawwattummaa qabuun ijaaramaa jira. Kunis akkaataa aadaa fi safuu ummataa eeggateen ijaaramuun isaa immoo hawwattummaa guddaa dabaluun alattis hawaasni naannichaa kan isaa akka ta’e itti amanuun dhalootaaf akka dabarsu kunuunsa taasisu gargaara. Misoomni koriidaraa wayita hawwasni hedduuminaan bahee aadaa adda baabahiitti kabajatu wal dhiphisuun akka hin uumamneef gahee olaanaa qaba. Daandiin dhiphachuun ummanni wal irra dhaabbachuun , wal ukkaamsuun balaan uumamuu ni mala’ Misoomni koriidaraa garuu kanneen haala olaanaan hambiseera. Ayyaanota adda baabahiitti kabajaman keessaa tokko ayyaana Irreechaati. Ayyaanni Irreechaa keessummoota biyya keessaa fi biyya alaa miliyoona hedduutti lakkaahaman keessummeessa. Ummanni miliyoonaan tokkummaan,jaalalaa,waloomaan bahee kabajatu kana immoo nagaan bahee nagaan akka galuuf daandiin irra imalu mijachuun bu’aa olaanaa qaba. Magaalota ayyaanni Irreechaa hedduuminaan kabajamu keessaa magaalaan Bishooftuu ishee tokkdha. Magaalattiin yeroo ammaa kana keessummoota miliyoonaan lakkaahaman simatteetti. Dur daandiinishee dhiphaa fi imalaaf mijataa hin turre. Keessumaa immoo gaafa ummanni irreechaaf bahu baay’ee nama rakkisa ture. Garuu yeroo ammaa misooma koriidaraan daandiin ishee miidhaguun, miidhagina magaalattiif simboo addaa dabaluun cinatti keessummootaaf haala mijataa uumeera. Kan bahe nagaan akka galuuf haala mijeesseera. Walumaagalatti, misoomni koriidaraa ijaarsa daandii qofa osoo hin taane, bu'uura guddina hawaas-dinagdee, qajeelfama tiraafikaa ammayyaa fi miidhagina magaalaati. Uummata wal-dhiibbaa daandii irraa ittisuun, nageenya imaltootaa mirkaneessuu bira darbee, magaalota hawwata turizimii fi dorgomtoota idil-addunyaa taasisuu keessatti shoora bakka bu'iinsa hin qabne taphata. Kanafuu, koriidara ammayyeessuu fi kunuunsuun haala jireenya hawaasaa fooyyessuuf tarsiimoowwan dursa kennamuufii qaban keessaa isa tokkodha. #Biyya_Guddoo #Uummata_Guddaa #Mul'ata_Guddaa #Ethiopia #ENA Afaan Oromoo# Miseensa Maatii ENA ta’aa : https://www.ena.et/web/links
Itiyoophiyaan pirojektoota Gibtsiin gufachiifaman kan gamaaggamu koree beenyaa hundeessite
Oct 1, 2026 505
Fulbaana 21/2019 (ENA) - Itiyoophiyaan pirojektoota bishaanii Gibtsiin gufachiifamanii kasaaraawwanii fi carraalee misoomaa jala darban kan gamaaggamu koree biyyaalessaa hundeessuushee ministirri bishaanii fi inarjii Injiinar Habtaamuu Ittafaa beeksisan. Ministirri bishaanii fi inarjii Injiinar Habtaamuu Ittafaa ENA wliin turtii taasinaniin akka ibsanitti, hidha haaromsaa Itiyoophiyaa guddicha dabalatee pirojektoonni misoomaa Gibtsiin gufachiifaman 22 ol koree Kanaan adda baafamanii hojiitti galameera. Yaaddoowwan Itiyoophiyaa bara dheeraa misooma yaa’a Abbayyaarratti wal hin gitne ilaalchisee deeggarsi hayyootaa guddachaa dhufe jiraachuu himanii, kun ammoo kasaaraa dinagdee seenaa keessatti irra gahee fi carraalee misoomaa jala darbeef beenyaa akka argattu gaaffiishee ni cimsa jedhaniiru. Koreen haaraa hundeeffame kun pirojektootarratti ragaalee qindeessaa fi gaaffiiwwan beenyaa Itiyoophiyaan gaafattu bu’urasaanii qorachaa akka jiru ministirri Injiinar Habtaamuun dubbataniiru. Korichi ogeeyyota, ministiroota duraanii, gorsitootaa fi ogeeyyota seeraa kasaaraa qaqqabee fi kana furuuf kan gargaaran akkaataa itti dhiheeffamu qorachaa jiran akka of keessaa qabu eeraniiru. Yeroo ammaa hidha haaromsaa dabalatee pirojektoota Gibtsiin gufachiifaman ilaalchisee ragaawwan walitti qabamuusaanii dubbatanii, hawaasa addunyaa fuulduratti wantoota yakka ta’aniin Itiyoophiyaa doorsisuuf yaalaa turuusaanii kaasaniiru. Gamaaggamni Koreen kun gaggeessu akka hin hojjetamne kan taasifaman pirojektoota qofaa osoo hin taane tattaaffii eegumsa naannoo Itiyoophiyaan itti jirtuu fi bu’uraaleen bulchiinsa bishaanii faayidaa yaa’a gajjallaaf kennan akka xiinxalu ibsaniiru. Sagantaa biqiltuu ashaaraa magariisaatiin mukkeen biiliyoona 50 caalan dhaabamuusaanii yaadachiisanii, Baaroo, Abbayya fi Takazee dabalatee laggeen gurguddoorratti hojiin misooma sululaa gaggeeffamuu eeraniiru. Hojiiwwan eegumsa naannoo kunneen qabeenya bishaanii Itiyoophiyaa eeguu fi yaa’a Abbayyaa keessatti dhiibbaawwan haala qilleensaa qolachuuf gumaacha taasifte akka xiinxalu injiinar Habtaamuun ibsaniiru. Akkasumas hidhi haaromsaa guddichi yaa’a laga Abbaayyaa to’achuudhaan qooda guddaa inni qabu kan ibsan ministirichi, akkaataan hidhi kun itti hojjetame biyyoota yaa’a gadii balaa lolaarraa baraaruu fi yeroo roobni xiqqaatutti bishaan akka addaan hin cinne akka gargaaru ibsaniiru. Haalawwan roobaa elniinoon walqabatanii amma jiran bulchiinsa bishaanii qindaa’aa akka barbaachisu kan eeran ministirichi, yaa’a bishaanii to’achuun Sudaanii fi Gibtsi dabalatee biyyoota yaa’a gadiif faayidaa kennuu akka danda’u eeraniiru. Adeemsi Itiyoophiyaa boqonnaawwan ifa ta’an akka qabaatan akka ta’u, mari’achuunii fi walii galtee waloorra gahuun filmaata yoo ta’u, kanneen biroo ammoo Itiyoophiyaan tarkaanfiiwwan dabalataa kan taasisan beenyaa argachuuf filmaattota hordofamuu qaban akka ta’an ministirri injiinar Habtaamuun ibsaniiru.
Itoophiyaa fi Jaappaan Misooma Ruuzii Ammayyeessuuf Waliigaltee Deeggarsaa Mallatteessan
Oct 1, 2026 282
Fulbaana 20/2019 (ENA): – Itoophiyaa fi Jaappaan misooma ruuzii ammayyeessuu fi oomishtummaa isaa guddisuuf waliigaltee deeggarsa Birrii miliyoona 300 fi miliyoona 75 mallatteessaniiru. Waliigalticha Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shiidee fi Itoophiyaatti Ambaasaaddarri Jaappaan Shiibaataa Hiiroonooriin mallatteessaniiru. Sirna waliigalticha mallatteessuu irratti, oomishtummaa ruuzii guddisuu, jireenya lammiilee fooyyeessuu fi cehumsa teeknooloojii qonnaa saffisiisuun hojiiwwan xiyyeeffannoo olaanaa argatan ta’uu ibsameera. Dameen qonnaa cehumsa diinagdee, wabii midhaan nyaataa fi badhaadhina baadiyyaa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu Ministirri Maallaqaa Obbo Ahimad Shiideen ibsaniiru. Waliigalteen biyyoota lamaan gidduutti mallatteeffames hariiroo fi tumsa Itoophiyaa fi Jaappaan gidduu jiru caalaatti cimsuuf kutannoo waloo qaban kan agarsiisu ta’uu ragaan Ministeera Maallaqaarraa argame ni mul’isa.
Saayinsii fi teeknooloojii
Barumsi inistiitiyuutii teeknooloojii Shaggaritti kennamaa jiru biyyi keenya teeknooloojiin akka dorgomtu kan taasisudha
Oct 2, 2026 285
Fulbaana 22/2019 (ENA) - Barumsi inistiitiyuutii teeknooloojii Shaggaritti kennamaa jiru biyyi keenya teeknooloojiin akka dorgomtu kan taasisuu fi dhalootaaf abdii kan kennu ta’uusaa miseensonni hawaasa diyaasporaa Oromiyaa ibsan. Ayyaana Irreechaa kabajuuf biyya kan dhufan miseensonni diyaasporaa Oromiyaa magaalaa Shaggaritti kan argamu inistiitiyuutii teeknooloojii Shaggar dabalatee hojiiwwan misoomaa garagaraa daawwataniiru. Miseensonni diyaasporaa hojiilee misooma dijitaalaa hojjetaman dinqisiifataniiru. Ameerikaarraa kan dhufan Doktar Tamasgeen Shaashoo ENA’f akka ibsanitti, hojiin inistiitiyuutii teeknooloojii Shaggaritti argan biyyi keenya teeknooloojiin dorgomtuu akka taatu kan dandeessisuu fi dhaloota boruuf abdii guddaa kan kennudha. Yeroon kun addunyaan hubannoo nam tolcheen(AI) deeggaramaa yeroo jirtu waan ta’eef biyyi keenya teeknooloojiiwwan dameewwan garagaraa alaa galan biyya keessatti bakka buusuuf hojiin hojjechaa jirtu guddaa kan jajjabeeffamuu qabudha jedhaniiru. Keessumaa barattoonni qabxii olaanaa galmeessisan hubannoo nam-tolchee(AI) akka deeggaramanii fi akka ga’ooman gochuuf hojiin hojjetame kan dinqisiifatan Doktar Tamasgeen, hojiiwwan amma hojjetaman kan abdii namaa kennan ta’uu dubbataniiru. Afriikaa kibbaarraa kan dhufan Umar Usmaan gamasaaniin, hojii inistiitiyutichatti arganitti guddaa gammaduusaanii ibsaniiru. Hojiin gama teeknooloojiitiin naannoo Oromiyaatti hojjetamaa jiru biyyi keenya teeknooloojiidhaan kallattii sirriirra akka jirtu agarsiisa jechuun ibsaniiru. Noorweeyirraa kan dhufan adde Leensaa Lammeessaa, barumsi inistiitiyuutichatti kennamaa jiru sadarkaasaa kan eege waan ta’eef dargaggoonni barumsa qulqulluu biyyasaanii keessatti argatanii sadarkaa idil addunyaatti dorgomuuf akka isaan dandeessisu taasisa jedhaniiru. Dura taa’aan boordii diyaasporaa Oromiyaa obbo Tasfaayee Diimaa akka jedhanitti, daawwannaan kun qama aadaa daawwannaa pirojektoota gurguddoo torban irreechaatti wagga waggaan taasifamuuti. Daarektarri dhimma diyaasporaa Oromiyaa obbo Amiin Jundii gamasaaniin, inistiitiyuutichi erga hundeeffamee wagga tokko ta’uusaa ibsanii, amma ammaatti barattoota qabxii olaanaa Fidan 200 ol simatee barumsa hubannoo nam-tolchee(AI)‘n deeggarame barsiisaa jira jedhaniiru. Kaayyoon ijoo daawwannaa kanaa jijjiirama hunda galeessa biyya keenyatti dhufaa jiru qabatamaan agarsiisuun miseensonni diyaasporaa Oromoo beekumsaanis ta’e invastimantiidhaan biyyasaanii deeggaruuf akka qophaa’an gochuu akka ta’e dubbataniiru
Dhaabbatichi kalaqoota teeknooloojii fi intarpiraayizoota of danda’an horachuun qoodasaa bahachaa jira
Sep 25, 2026 926
Fulbaana 15/2019 (ENA)- Inistiitiyuutiin leenjii teekniikaa fi ogummaa FDRI kalaqoota teeknooloojii fi intarpiraayizoota of danda’an horachuun qoodasaa bahachaa jiraachuu ibse. Dhaabbatichi hojiisaa hawaasaaf beeksisuuf kan isa gargaaruu fi guyyoota 15’f kan turu ‘torban odeeffannoo’ ilaalchisee ibsa kenneera Itti aanaan daarektara olaanaa inistiitiyuutichaa Dr. Habtaamuu Mulugeetaa wayita kana, dhaabbatichi woorkishooppiiwwan gurmaa’an, laaboraatooriiwwanii fi bakka itti shaakalamu qabaachuunsaa dargaggootaaf dandeettii fi carraa guddaa akka uumu ibsaniiru. Dhaabbatichi dargaggoonni carraa hojii uumuu isaan dandeessisu akka isaaniif argamsiise eeraniiru. Haala Kanaan dhaabbatichi kalaqoota teeknooloojii biyyattii guddisuu danda’anii fi በintarpiraayizoota of danda’an horachuudhaan qoodasaa bahachaa akka jiru ibsaniiru. Barattoota bara 2019 simatuuf barnoota bu’a qabeessa kennuuf qophii ga’aa taasisuusaa dubbataniiru. Waggoottan lamaan darban qofa fedhii yeroon barbaadu kan guute sagantaawwan haaraa 11 ta’aneegaluusaanii beeksisaniiru. Kanneen keessaa sagantaan leenjii hubannoo nam-tolchee(AI) isa tokko yoo ta’u, sagantaa Kanaan bara 2018 irraa eegalee barattoota simatee leenjisaa akka jiru ibsaniiru. Itti aantuun daarektara olaanaa inistiitiyuutichaa Tsadaalee Takluu gamasaaniin, inistiitiyuutichi xiyyeeffannoon qulqullina barnootaaf kenne bu’aa qabatamaa fidaa jiraachuu ibsaniiru. Dhaabbatichi kaampaasiisaa muummeetti beekamtii ISO 9001:2015 mirkaneessuusaa dubbataniiru.
Tajaajilli qorannoo fi hawaasaa Yunivarsiitichi gaggeessu hawaasa naannawichaa gargaaraa jira
Sep 21, 2026 1229
Fulbaana 11/2019 (ENA)- Tajaajilli qorannoo fi hawaasaa Yunivarsiitiin Madda Walaabuu gaggeessu hawaasa naannawichaa gargaaraa jiraachuu pirezidaantiin Yunivarsiitichaa Dr. Biraanamasqal Xannaa ibsan. Yunivarsiitichi yaad-rimeewwan qorannoo fi misooma hawaasaa mata-duree ijoo irratti xiyyeeffatan kan qoratu workshopii ijaarsa dandeettii gaggeessaa jira. Pirezidaantiin Yunivarsiitichaa Dr. Biraanamasqal Xannaa akka jedhanitti, Yunivarsiitichi hojii baruu fi barsiisuu cinaatti qorannoowwan rakkoo hawaasaaf furmaata ta’u jedhu gaggeessaa jira. Xiyyeeffannoon qorannoo yunivarsiitichi gaggeessuu wiirtuu ga’oomaa kan ta’an qonna, fayyaa, turizimii, sirna ikoo fi eegumsa uumamaarratti ta’uu dabalanii ibsaniiru. Hayyoonni Yunivarsiitichaa tajaajiloota qorannoo fi hawaasaa waggoottan darban gaggeessaniin fayyadama hunda galeessa lammiilee hedduu kan mirkaneessan bu’aaleen guddaan argamuusaanii ibsaniiru. Keessumaa gama qonnaatiin hojmaata kilaastaraa, waldhaansa kaansarii fi hawaasa hubannoo qabsiisuun hojii hojjrtameen jijjiiramni qabatamaa galmaa’uu wabeeffataniiru. Tajaajiloonni qorannoo fi hawaasaa rakkoo ummataa furuu akka danda’an qorattootaa fi gamaaggamtootaaf leenjiin gabbisa dandeettii itti fufiinsaan kennamaa jiru cimee akka itti fufu pirezidaantichi dubbataniiru. Itti aanaan pirezidaantii akkaadaamikii, qorannoo fi cehumsa teeknooloojii Yunivarsiitichaa Dr. Bazzaabih Wandimmuu workishooppiin gabbisa dandeettii kun rakkoolee gama qorannootiin jiran adda baasuudhaan qorannoo dhiibbaa bu’aa fooyya’aa Fidan gaggeessuuf akka gargaaru ibsaniiru. Hojiiwwan misooma hawaasaa irratti xiyyeeffatan keessatti qophii yaad-rimeewwanii fi haala qabatamaa addunyaa irratti hubannoo gahaa akka argatan ibsaniiru. Hayyoonni Yunivarsiitichaa bara bajataa 2018 dameewwan xiyyeeffannoo garagaraa irratti xiyyeeffatan qorannoowwan 24 ol gaggeessuusaanii eeraniiru. Bara bajataa kana ammoo yaad-rimeewwan qorannoo 96 gamaaggamaaf dhihaachuusaanii dubbataniiru.
Wiirtuun hubannoo nam-tolchee Yunivarsiitii Jimmaa barattoonni hojii kalaqaarratti akka hirmaatan deeggaraa jira
Sep 18, 2026 1149
Fulbaana 8/2019 (ENA)- Wiirtuun hubannoo nam-tolchee Yunivarsiitii Jimmaa barattoonni beekumsaa fi hubannoo damee kanarratti qaban guddisuun hojiilee qorannoo fi kalaqaarratti akka hirmaatan deeggaraa jiraachuu ibse. Hubannoon nam-tolchee (AI) yeroo ammaa sadarkaa idil addunyaarratti dameelee teeknooloojii, dinagdee, fayyaa qonnaa fi barnootaarratti jijjiirama si’ataa fidaa kan jiru meeshaa kalaqaa isa ijoo ti. Itiyoophiyaatti karoora tiraanisfoormeeshinii dijitaalaa biyyaalessaa milkeessuu fi hirmaannaa industirii warraaqsaa guddisuuf dargaggoota beekumsa teeknooloojii olaanaa ta’e qaban horachuun dhimma murteessaa ta’a. Yunivarsiitiin Jimmaa cehumsa teeknooloojii idil addunyaa fi fedhii biyyaalessaa yaada keessa galchuun, dandeettii kalaqaa fi qorannoo barattootaa guddisuuf wiirtuu hubannoo nam-tolchee hundeessee hojjechaa jira. Yunivarsiitichatti daarektarri wiirtuu kanaa Injiinar Jaarmiyaa Baay’isaa akka jedhanitti, Hubannoon nam-tolchee Yunvarsiitichaa erga hundeeffamee kaasee beekumsaa fi hubannoo barattoonni dame Kanaan agarsiisan guddisuuf deeggarsa itti fufaa gochaa tureera. Barattoonni hojiilee kalaqaa fi moosaajii hubannoo nam-tolcheerratti hundaa’an akka hojjetan wiirtuun kun deeggarsa barbaachisu gochaa jiraachuu dubbataniiru. Barattoonni beekumsaa fi hubannoo garagaraa qaban bakka hojii tokkotti walitti dhufanii muuxannoo akka wal jijjiiran haala mijeessuusaa eeraniiru. Kana malees barattoonni wiirtuu kana keessatti shaakallii hojiirraa akka taasisan haala mijeessuudhaan, pirojektoota garagaraa hubannoo nam-tolcheen deeggaraman hojjechuun muuxannoo fi beekumsa qabatamaa akka argatan gochaa akka jiru daarektarichi dubbataniiru. Waggaatti al lama hubannoo nam-tolchee ilaalchisee dorgommii hakatoon qopheessuun, barattoonni kalaqaan akka dorgomanii fi badhaasa garagaraa akka argatan haala mijeessaa akka jiru ibsaniiru. Barattoonni mooraa Yunivarsiitichaan alattis hojiilee qorannoo fi kalaqaa hubannoo nam-tolcheen deeggaraman kan rakkoo hawaasaa furan irratti hirmaachaa akka jiran ibsaniiru. Kanneen keessaa dhibee Bunarratti mudatan dursanii adda baasuuf, furmaata kennuu fi sadarkaa Bunaa murteessuuf kan tajaajilu kalaqa “appii Daboo Bunaa” fakkeenya kaasaniiru. Pirojektii taphoota aadaa Roobootiksii fi hubannoo nam-tolcheen walitti qindeessuun dhiheessu, qabiyyee biyyoo adda baasuun akaakuu oomishaa mijataa kan agarsiisu “omishtuu Jooyi aappii” fi kalaqoonni fayyaa fi dhukkuba beelladaa hordofuuf hojjetaman akka keessatti argaman dubbataniiru. Hojiiwwan kunneen biyya keessaa fi sadarkaa idil addunyaatti badhaasa hedduu akka argamsiisan eeraniiru. Yunivarsiitii Jimmaarraa damee Kanaan kan eebbifamtee fi hojiiwwan kalaqaa garagaraa irratti hirmaachaa kan turte shamarree Ikraam Alqaadir, wiirtuu kana keessa turuunshee beekumsaa fi muuxannoo guddaa akka argattu akka ishee gargaare ibsiteetti. Yeroo ammaa dhaabbata dhuunfaa keessatti damee Kanaan hojii bu’a qabeessa hojjechuurratti argamti. Dargaggoo Adam Sa’id beekumsaa fi muuxannoo wiirtuu kanarraa argatetti fayyadamuun dhaabbata ‘kireetiiv hab’ keessa hojjechaa jira. Yeroo ammaa hojiilee moosaajii hojjechuurratti bobba’ee akka argamu ibsuun, wiirtuun hubannoo nam-tolchee Yunivarsiitii Jimmaa milkaa’ina argateef beekumsa bu’uraa guddaa akka gumaacheef eereera.
Ispoortii
Fiigichi guddichi Irreechaa duudhaalee ayyaana Irreechaa addunyaatti beeksisuuf gahee olaanaa qaba
Oct 1, 2026 436
Fulbaana 21/2019 (ENA) — Fiigichi Guddichi Irreechaa, fageenya kiilomeetira 10n magaalaa Bishooftuutti gaggeeffame, faayidaa ispoortii, hawaasummaa fi biyyaalessaa cimsuu bira darbee, Ayyaana Irreechaa sadarkaa addunyaatti beeksisuuf gahee olaanaa qabaachuun ibsame. Hoggantuun Biiroo Aadaa fi Ispoortii Oromiyaa, Aadde Rozaa Biyyaa, sagantaa jalqabbii fiigichaa guddicha Irreechaa irratti ergaa dabarsaniin, ispoortiin nagaa, jaalala, tokkummaa fi obbolummaa ummatootaa cimsuuf gahee olaanaa akka qabu ibsaniiru. Aadde Rozaan, fiigichi guddaan kun duudhaalee, aadaa fi seenaa Ayyaana Irreechaa hawaasa addunyaatti bal’inaan beeksisuuf waltajjii guddaa ta’uu himaniiru. Kanaaf fiigicha kana osoo walirra hin kutiin waggaa waggaan akka gaggeeffamu kan hojjetamu ta'uu himaniiru. Kantiibaan Magaalaa Bishooftuu, Obbo Alamayyoo Asaffaa, gamasaaniin, fiigichi kun Bishooftuu giddugala turiizimii caalaatti taasisuuf hojiiwwan hojjetamaa jiran saffisiisuufi cimsuuf gumaacha olaanaa qabaachuu ibsaniiru. Fiigichi kun waggoota torba booda yeroo lammaffaaf, mata-duree “Irreechaa Waliigaltee Biyyaalessaaf” jedhuun gaggeeffame. Fuuldurattis addaan osoo hin cinne, waggaa waggaadhaan akka gaggeeffamu himaniiru. Dorgommicharratti hoggantoonni olaanoon mootummaa federaalaa fi naannoo, Abbootiin Gadaa, maatii atileetota beekamoo addunyaa kanneen akka Xuruneesh Dibaabaa, atileetonni profeeshinaalaa 1,400 ol, akkasumas jiraattonni Magaalaa Bishooftuu fi deeggartoonni 50,000 ol hirmaataniiru.
Fiigichi irreechaa 2ffaan mata duree “irreechi walii galtee biyyaalessaaf” jedhuun Biishooftuutti gaggeeffamaa jira
Oct 1, 2026 242
Fulbaana 21/2019 (ENA)- Jala bultii ayyaana irreechaa 2019 ilaalchisuun fiigichi irreechaa 2ffaan mata duree “irreechi walii galtee biyyaalessaaf” jedhuun Biishooftuutti gaggeeffamaa jira. Irreechi ayyaana galateeffannaa, araaraa, jaalalaa fi tokkummaa ta’uun olitti, sabaa fi sab lammoota garagaraa bakka tokkotti kan fidu akkasumas waliigaltee,nageenyaa fi obbolummaa kan cimsu waltajjii waloo ta’aa dhufeera. Ayyaanni irreechaa aadaa fi duudhaa Oromoo dhalootarraa dhalootatti dabarsuurra darbee, garaagarummaa keessatti walkabajaa fi jaalala guddisuun Itiyoophiyaaf qabeenya waloo ta’uudhaan biyya keenya sadarkaa idil addunyaatti beeksisaa jira. Kaayyoon fiigichi daandiirraa kun irreechi waltajjii obbolummaa, tokkummaa fi dhiifamaa ta’uusaa addunyaaf beeksisuudhaan hawattummaasaa guddisuu akka ta’e ibsameera. Atileetonni biyya keessaa fi biyya alaa akkasumas namoonni kuma 50 caalan fiigicha irreechaa daandiirraa km. 10 fagaatu kanarratti hirmaachaa jiru.
Atileettonni Itoophiyaa maratoonii Barliin koorniyaa Lamaaniinuu Injifatan
Sep 27, 2026 685
Fulbaana 17/2019 (ENA): Maratooniin Barliin 52ffaan har'a ganama gaggeeffameera. Dubartootaan atleetiin Tigist Asaffaa sa'aatii 2, daqiiqaa 11 fi sekondii 04n injifatteetti. Atileetiin kun Maratoonii Barliin yoo injifattu kan ammaa yeroo sadaffaadhaaf. Dhiiraan atileetiin Guyyee Adoolaa sa'aatii 2, daqiiqaa 2 fi sekondii 51n injifataa ta'eera. Kanaan dura waggaa shan dura dorgommicha injifateera. Atleetiin kun dorgommii waggaa darbeerratti sadarkaa 4ffaan xumuruun isaa kan yaadatamudha.
Maratoonii Barliin Atleetonni Itoophiyaa hawwiin kan Eegaman
Sep 27, 2026 433
Fulbaana 17 / 2019 (ENA) Maratoonii Barliin 52ffaan har'a waaree dura ni gaggeeffama. Dorgommiin koornyaawwan lamaaniinuu taasifamu kun xiyyeeffannoo jaallattoota atileetiksii addunyaa harkiseera. Dorgommii dubartootaan Tigist Asaffaa, Deeraa Diidhaa, Badhaatuu Hirphaa, Zaynabaa Yimar, Bosonaa Mulaatee, Misgaanaa Alamaayyoo, Baqqalech Guddataa, Gaaddisee Muluu, Eebbisee Addunyaa, Aminaat Ahimad fi Alam addis Iyyaayyuu atIleetota Itoophiyaa dorgommicharratti hirmaatanidha. Atileet Tigist Asaffaa A.L.A bara 2022 fi 2023tti dorgommii Maratoonii Barliin mo’achuun ishee ni yaadatama. Dorgommii bara 2023 irratti sa'aatii 2:11:53n xumuruun, rikkoordii addunyaa Atileet Keeniyaa Birjid Kosgeyi sa'aatii 2:14:04n qabamee ture daqiiqaa 2 fi sakondii 11n fooyyessuun rikkoordii addunyaa haaraa galmeessuun ishee ni yaadatama. Haa ta’u malee rikkoordiin kun yeroo ammaa sababa qoricha humna dabaluun kan dhorkamte lammii Keeniyaa Ruut Cheppingetichiin A.L.A bara 2024 dorgommii Maratoonii Chikagoo irratti cabeera. Yeroo sanatti sa'aatiin ishee galmeessite sa'aatii 2:09:56 ture. Atileet Tigist Asaffaa yeroo sadaffaaf dorgommicha ni moo'atti jedhamee tilmaamni kennameera. Dorgommii Maratoonii Barliin bara darbee irratti dorgommii xumuruun sadarkaa 2ffaa kan baate Deeraa Diidhaa atleetii biraa kan eeggamtudha. Injifattuu dorgommii Maratoonii Barliin kan yeroo ammaa kan taate atleet Keeniyaa Rozimarii Wanjiruu dorgoommii cimaa ni taasisti jedhamee eeggama. Dhiiraan dorgommii kanaan Geetaaneh Mollaa, Shuraa Qixxaataa, Milkeessaa Mangashaa, Guyyee Adoolaa, Salomoon Bareegaa fi Cimdeessaa Dabalee ni hirmaatu. Maratoonii Barliin 51ffaa irratti Cimdeessaa Dabalee sadarkaa 3ffaa, Guyyee Adoolaa immoo sadarkaa 4ffaa ba'uun isaanii ni yaadatama. Mootichi dorgommii fageenya dheeraa atleet Qananiisaa Baqqalaa jalqaba irratti dorgommicha irratti ni hirmaata jedhamee kan ture yoota’u , odeeffannoowwan ba'aniin garuu dorgommii har'aa irratti akka hin hirmaanne ibsameera. Maratoonii Barliin 51ffaa irratti kan mo'atte atileetii Keeniyaa Saabaasiistiyaan Saawees dorgommicha irratti ni hirmaata jedhamee yoo eeggamuus, yeroo shaakalaatti miila isaa irratti miidhaa qaqqabeen dorgommichaa ala ta'uuf dirqameera. Eerik Saangii fi Riichaard Yaatoor atleetota Keeniyaa irraa eeggamanidha. Koorniyaawwan lamaaniinuu atleetotni Itoophiyaa ni eeggamu. Atleetota dorgommicha irratti hirmaataniif badhaasni Yuuroo kumaa 230 ol qophaa'eera. Itti dabalees, atleetii rikkoordii bakki dorgommiichaa qabu fooyyesseef yuuro doolaara kuma 30, Atileetii rikkoordeii Idil- addunyaa cabseef immoo badhaasa dabalataa yuuroo kuma 50 ni argata Maratooniin Barliin A.L.A bara 1974 jalqabame, dorgommiiwwan maratoonii gurguddoo addunyaa ja'an keessaa isa tokko ta'uun kan beekamudha.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Harka Lammiilee isheen Dachee Laliste -Itoophiyaa
Sep 22, 2026 1480
Waggoota kurnan darban keessa uwwisni bosonaa ishee baay’ee haphatee ture. Haalli kunis biyyattii jijjiirama haala qilleensaa fi eegumsa naannoof qormaata itti ta’aa tureera. Kaka’umsa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin ifatti bara 2011 kan jalqabame sagantaan ashaaraa magariisaa bu’aa olaanaa fidaa jira. Sagantaa ashaaraa magariisaa kanas ummanni Itoophiyaa qajeelfama hoggansa isaa fudhachuun duulaan biqiloota dhaabuun adda duree akka ta’e Zegaardiyaan gabaasa isaa keessatti bal’inaan ibseera. Haliimaa Kadir yeroo jalqabaaf gaafa biqiltuu dhaabuu jalqabdu namoonni akka ishee shakkanii fi itti qoosan akka turte illee Zegaardiyaan gabaasa isaa keessatti eereera. Biqiloonni dhaabaman kunniin muuzii,zayituunaafi Giraaviiliyaa, akkasumas gosoota kuduraa fi muduraa adda addaan oyiruu uwwifame bira teessoo mukaarra teessee gaafa biqiltuu dbaabuuf jettu sana gara duubatti yaadatti. Olloonni koo abdii na kutachiisanii ture jetti. Garuu waan ajaa’ibaa hojjette. Namoota Tokkoo tokkoo isaaniif ifaajii homaa hin baafne itti fakkaatee ture;garuu booda biqiloonni dhaabaman kunniin jijjiirama qilleensaa fi wabii nyaataa mirkaneessuuf furmaata ta’ee gaafa argamu dhugaa jiru hubachaa dhufuu isaanii ibsiti. Naannoo Oromiyaa aanaa Barbareetti kan kan argamtu Haliimaa Kadir umuriin waggaa 35 kan taate,biqiloota kumaatamaan lakkaa’aman dhaabuun eegumsa naannoof modeela taateetti. Biyya akka Itoophiyaa mancaatiin bosonaa mudatuti hojiin Haalimaa salphaa hin turre; ija jabina naamusaa fi cimina guddaa gaafata ture. Amma garuu wanti hundi jijjiirameera jetti Haalimaan. Biqiltoonni isheen dhaabde guddachuu fi naannoon ishee magariisa ta'aa dhufuun, warri jalqaba abdii kutachiisuuf yaalan illee hojii cimaa fi kutannoo ishee akka dinqisiifatan ibsiteetti. Haalimaaf biqiltuun isheen dhaabdu muka ofii isaatii irra darbee hiika qaba; isaanis hiriyyoota ishee dhiyootiin akkasumas qormaata hawaasa ishee addunyaa irratti jijjiirama qilleensaaf saaxilamoo ta’an keessaa tokko ta’eef furmaata ta’anii ilaalamu. Akkuma ‘The Guardian’ gabaasetti; Itiyoophiyaan babal’ina qonnaa, biqiltuu qoraaniif oolan fi itti fayyadama cileef irraa kan ka’e uwwisa bosona ishee bal’aa dhabdeetti. Kunis heddummina lubbu qabeeyyii, gabbina biyyee fi qabeenya bishaanii irratti miidhaa guddaa kan geessise yoo ta’u, balaawwan haala qilleensaatiin walqabatan hammeesseera. Inishiyeetiiwwan hedduu mootummaan Itiyoophiyaan eegalte keessaa tokko kan ta’e Ashaaraa Magariisaan, jijjiirama qilleensaa fi mancaatii bosonaa hir’isuu keessatti gahee olaanaa taphateera. Gabaasni kun akka mul’isutti waggoota torban darban keessatti biqiltuun biiliyoona 48 ta’u sagantaa kanaan dhaabameera, kan amma jiru osoo hin dabalatiin jechuudha. Ollaan Haalimaa Faxee Abdullaahi milkaa’ina Haalimaa erga argitee booda eegumsa naannoo irratti hirmaattetti. Isheenis nuti akka hin dogoggorre nutti agarsiifte jechuun Haalimaa jajuun, rakkoon furmaata biyya keessaatiin rakkoo addunyaa furuun furuun akka danda’amu agarsiisuudhaan fakkeenya taatee jirti jette. Hawaasni Oromoo daa’ima nama biraa irraa dhalate abbaa fi haadha uumamaa ykn walitti dhufeenya dhalootaa tokko malee fudhachuun akka dhala ofiitti guddifachuun, akka ilmoo ofiitti guddisee, faayidaa dinagdee fi hawaasummaa isaa eeguun aadaa qaba. Ummanni Oromoo biqiltuu akka ilmoo isaatti ilaala. Haalimaan duudhaa kana irraa ka’uun biqiloota dhaabuun kunuunsuun akka ishee gargaare ibsiteetti. Akkasumas walitti dhufeenya ijoollee ishee waliin qabdu miira haadhummaa waliin walqabsiistee jirti. ''Akkuma aadaa keenya keessatti ijoollee guddifnu, biqiltuus akka ijoollee kootti nan ilaala,'' jetteetti. Naannoo hanqinni bishaanii hamaan jiru keessa kan jiraattu Haalimaan gara sa'aatii tokkoo deemtee biqiltuu ishee bishaan obaasti. Ilmi Haalimaa ganna 13, Anwaar Hasan, haadha isaatti akka boonu ibsuun, kaayyoo ishee hordofuu akka barbaadu dubbata. Jijjiirama qilleensaa ittisuuf umurii guutuu waadaa galuu akka barbaadus himeera. Maatiin fi dubartoonni kumaatamaan lakkaa’aman ganda naannoo sana jiranis sagantaa biqiltuu dhaabuu kana irratti hirmaataniiru. Akka qorattoonni naannoo fi ogeeyyiin jedhanitti, gosoonni mukaa dhalootaan maatii fi dhaabbilee adda addaatti raabsaman hedduun isaanii guddataniiru. Naannolee gammoojjii fi haala qilleensaaf miira qaban keessatti tattaaffiin kun hawaasni jijjiirama qilleensaa caalaatti akka dandamatu gargaaruu danda’a. Qindeessaan Sagantaa Biyyaalessaa ‘REDD+’ Misooma Bosonaa Itiyoophiyaa Doktar Xibabuu Mogas sagantaa dhaabbii biqiltuu hanga ammaatti milkaa’inni guddaan argame badda dareetti ta’uu dubbatu. Itiyoophiyaan jijjiirama qilleensaa ittisuuf kutannoon hin raafamne akka biyyaattis ta’e idil-addunyaatti guddachaa fi babal’achaa dhufeera. Miidiyaa Dijitaalaa ENA hordofaa- https://www.ena.et/web/links
Raaga haala Qilleensaa bal'inaan dhaqqabamaa taasisuun qophii gahaan akka jiraatuuf dhiheenyaan hojjetamaa jira
Sep 18, 2026 1279
Fulbaana 8/2019 (ENA) Odeeffannoo raaga haala qilleensaa bal'inaan dhiyeessuun qophii fi offeeggannoo duraa akka jiraatuuf dhiyeenyaan hojjetamaa jiraachuusaa Inistitiyuutiin Meetiroloojii Itoophiyaa beeksise. Inistitiyuutichi gamaggama haala qilleensa gannaa fi raaga haala qilleensa bonaa fuulduraa hirmaannaa qooda fudhattootaatiin Adaamaatti gaggeessaa jira. Daarektarri Olaanaan Inistitiyuutichaa Dr.Faxxanaa Tashoomaa akka jedhanitti, Inistitiyuutichi misoomawwan hawaasummaafi dinagdee biyyaattif faayidaa kan qaban raaga haala qilleensaa yeroo gabaabaa fi dheeraa yeroosaa eeggatee dhiyeessuun gaheesaa ba'achaa jira. Odeeffannoon kunneen keessattuu dameelee Qonnaafi misooma jallisiif, Bulchiinsa qabeenya bishaaniif, hir’ina sodaa balaatiif,Aviyeeshinii fi geejibaatiif ,Barnootaafi fayyaaf gaggeesuuf murteessaa ta’uusaanii ibsaniiru. Akkasumas,odeeffannoo haala qilleensaa yeroosaa eeggatee fi amansiisaa ta'e uummataafi qooda fudhattootaaf dhiyeessuun misoomaa fi guddina biyyaatiif murteessaa ta'uu isaafi hojiin kun cimee kan ittifufu ta'uu ibsaniiru. odeeffannoo raaga haala qilleensaa yeroodhaan dhiyeessuun qophii fi deebii sirrii kennuuf kan gargaaruudhas jedhan. Qooda fudhattoonnis odeeffannoo kanatti fayyadamanii tarkaanfii qophiitiif akka itti fayyadaman waamicha dhiyeessaniiru. Gara biraatiin, raaga haala qilleensa Bonaa kan dhiyeessan Itti Aanaa Daarektara Inistitiyuutichaa Dr.Asaamminnoo Tashoomaa akka ibsanitti,Bona dhufu kanatti naannowwan horsiise bulaatti haalli qilleensaa misooma qonnaatiif mijaawaa ta'ee fi roobni gaariin akka jiraatu ibsaniiru. Naannoowwan kunniin rooba kana jalqaba baatii Onkololeessaatii jalqabanii kan argatan ta'uun ibsameera. See less
Naannoo Harariitti Biqiltuuwwan Ashaaraa Magariisaan dhaabaman kunuunsuun cimee itti fufa
Sep 16, 2026 1265
Fulbaana 6/2019 (ENA) — Naannoo Harariitti biqiltuuwwan Sagantaa Ashaaraa Magariisaan dhaabaman kunuunsuun cimee akka itti fufu Pirezidaantiin Naannichaa Obbo Ordiin Badirii ibsan. Pirezidaantiin Naannoo Hararii Ordiin Badirii fi hoggantoonni naannichaa biqiltuuwwan ji’oota gannaa keessa dhaabaman kunuunsaniiru. Hoggantoonni kunneen biqiltuuwwan dhaabaman haala gaariin akka guddatan taasisuuf hojii kunuunsaa barbaachisaa ta’e irratti xiyyeeffachuun hojiiwwan adda addaa raawwataniiru. Naannichatti sagantaalee dhaabbii biqiltuu Ashaaraa Magariisaan biqiltuuwwan faayidaa hedduu qaban dhaabamuu isaanii ni yaadatama. Hojii dhaabbii biqiltuuwwanii irratti hoggantoonni olaanoo naannichaa, qaamoleen ittisaa fi nageenyaa, hojjettoonni mootummaa, dargaggoonni fi dubartoonni, qonnaan bultoonni akkasumas kutaaleen hawaasaa gara garaa hirmaataniiru. Har’as Pirezidaantiin Naannichaa Obbo Ordiin Badirii fi hoggantoonni olaanoo naannichaa Gaara “Haakim” irratti biqiltuuwwan yeroo gannaa dhaabaman bishaan obaasuu fi kunuunsuu isaanii ibsameera. Naannicha keessatti biqiltuuwwan yeroo ji’oota gannaa dhaabaman hanga muka guddaa ta’anitti kunuunsi barbaachisaa ta’ee xiyyeeffannaan kennamee hojjetamaa jira. Pirezidaantiin Naannichaa Obbo Ordiin Badirii yeroo kanatti akka jedhanitti, biqiltuuwwan yeroo gannaa naannichatti dhaabaman sirnaan akka latanii fi guddatan gochuuf kunuunsa barbaachisaa ta’e taasisuun murteessaadha. Yeroo ammaa kanas, keessumaa biqiltuuwwan dhaabaman kaayyoo barbaadameef akka oolan qaamoleen adda addaa hojii kunuunsaa hojjechaa jiran jajjabeeffamuu akka qaban hubachiisaniiru. Itti aansuunis biqiltuuwwan bishaan obaasuu fi marga irraa qulqulleessuun sirnaan akka latanii fi guddatan gochuun barbaachisaa ta’uu Pirezidaantiin Naannichaa hubachiisaniiru. Kana malees, Pirezidaantiin Naannichaa Obbo Ordiin Badirii hojii pirojektii Inisheetivii gaara Haakim daawwachuu isaanii ibsameera. Hojiin pirojektichaa karoora yeroo qabame keessatti saffisaa fi qulqullinaan raawwatamaa jiraachuu isaa eeraniiru.
Itoophiyaan sirna geejjibaa magariisaa jijjiirama haala qilleensaa dandamatuu fi itti fufinsa qabu ijaaruuf xiyyeeffannoon hojjechaa jirti
Sep 16, 2026 1187
Fulbaana 05 /2019 (ENA) Itoophiyaan sirna geejjibaa magariisaa jijjiirama haala qilleensaa dandamatuu fi itti fufinsa qabu ijaaruuf xiyyeeffannoon hojjechaa jiraachuu Ministirri Geejjibaa fi Loojistiksii Dr. Alamuu Simee ibsan. Sagantaan jalqabsiisa workshooppii Nordiik Afrikaa Elektiriik Mobiliitii magaalaa Finfinneetti gaggeeffamera. Sagantaa kanarratti doktara Alamuu Simee haasaa taasisaniin; Itoophiyaan hoggansa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin tarsiimoo misoomaa magariisaa fi jijjiirama haala qilleensaa dandamatu karoora misooma biyyaalessaa isheen bu’uura godhattee hojjechaa jirti jedhaniiru. Sagantaan Ashaaraa Magariisaa, humna haaromfamaa babal’isuu fi dinagdee kaarboonii gadi aanaa qabu ijaaruuf tattaaffiin taasifamu, xiyyeeffannoo kanaaf agarsiistota ta’uu ibsaniiru. Damee geejjibaa kaarboonii irraa bilisa taasisuun dinagdee itti fufinsa qabu ijaaruuf hojiiwwan ijoo hojjetaman keessaa tokko ta’uu eeruun, biyyattiin murtee kana gara hojiiitti hiikuuf geejjiba uummataa Elektirikii, Koridariiwwan Magaalaa fi sirna geejjibaa qilleensa qulqulluu humna haaromfamuu danda’u waliin walitti hidhuun ijaaramaa jiraachuu ibsaniiru. Gara geejjiba elektirikiitti ce’uun kun eegumsa naannoo qofaaf osoo hin taane, jijjiirama dinagdee, wabii humnaa, kalaqa teeknooloojii fi qulqullina jireenyaa lammiilee fooyyeessuuf gumaacha olaanaa qabaachuu eeraniiru. Konkolaattota qofa gara biyyaatti galchuun sirna geejjiba elektirikii guutuu uumuu akka hin dandeenye kan ibsan Ministirichi, bu’aa guutuu galmeessuuf bu’uuraalee misoomaa fi sirnoota hojii barbaachisan guutuu akka qaban hubachiisaniiru. Haaluma kanaan, bu’uuraalee misoomaa chaajii bakka itti taasisan babal’isuu fi sirna hojii dijitaalaa diriirsuu, Istaandardoota waliigalaa qopheessuu, humna namaa leenji’e horachuu, akkasumas sirna baatiriiwwan irra deebi’anii itti fayyadamu diriirsuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. Kanaaf, sirna qindoomionaa ijaaruu, fayyadamaa teekinooloojii ta’uu irraa gara dandeettii biyya keessaa ijaaruutti ce’uu, akkasumas tumsa Riijinii fi Ardichaa cimsuun barbaachisaa ta’uu waamicha dhiyeessaniiru. Itoophiyaa fi Afrikaan biyyoota Noordik irraa muuxannoowwan gaarii fudhachuu akka danda’an kan eeran Ministirichi, furmaatoonni Afrikaa garuu dhugaa jiruufi fedhii geejjibaa ardichaa kan bu’uureffataan ta’uu akka qaban ibsaniiru. Ce’umsa Afrikaan gara sochii elektriikiitti taasiftu guddina industiriitiif human ta'uu malee, dhiheessii meeshaalee alaa qofa ta'uu akka hin qabne hubachiisaniiru. Afrikaanonni walitti hidhaminsa kana keessatti akka hirmaataniif, dhaabbilee suphaa fi walitti qabiinsa meeshaalee (assemblers) dhiyootti argamanii fi oomishtoota cimsuu, qorannoo fi misooma keessatti invesiti gochuu, akkasumas sirna geejibaa daangaa ce'uu walitti hidhuun akka barbaachisu ibsaniiru. Ce’umsa kanaaf qabeenyi mootummaa qofti gahaa akka hin taane kan eeran yoo ta'u; mootummaan, dhiheessitoota misoomaa, baankota daldalaa fi abbootii qabeenya dhuunfaa dhugaatiin tumsa cimaa uumuun akka barbaachisu dubbataniiru. Yaa’ichi mariin olitti gara tarkaanfii qabatamaatti kan ce'amu, galmootni ifa ta'an kan kaa'aman, akkasumas tumsi michoota misoomaa fi teekinoolojii kan itti cimu akka ta'u abdiin qaban ibsaniiru.
Gabaasa addaa
Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti - Itti aanaa Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa
Jun 9, 2026 20991
Waxabajji 2 /2018 (ENA): Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti jedhani itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan muummee ministiraa Pirojektoota misoomaa adda addaa magaalaa Woldiyaatti ijaaraman eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Yeroo eebba kanaatti pirojektoonni misoomaa eebbifaman imala biyyattiin gara fuulduraatti taasiftu kan agarsiisan yoo ta’u, guddinni Itiyoophiyaa eenyullee dhaabuu akka hin dandeenye kuni ragaadha jedhan. Itti aanaan ministira muummee kun ummanni magaalaa Woldiyaa finxaaleyyii fi qoqqoodinsa mormuudhaan kan beekamu ta’uu ibsuun, filannoon isaanii irra deddeebiin nagaa fi mootummaa cimaa ta’uu isaa kan argisiisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan baandota irratti qabsaa’aa jira jedhani. Waggoota 50 fi 60 darbaniif warri yaada dulloomaatiin qabaman guddina ariifataa biyyattii hubachuu akka hin dandeenyes ibsaniiru. Warri bosona keessa jiran jijjiirama guddaa biyyatti dhufe kan akka misooma koridarii, maaddii guutuu, pirojektoota misoomaa fi oomisha qamadii arguu akka hin dandeenye dubbataniiru. Misoomni koridarii magaalota keessatti gaggeeffamaa jiru dhimma bareedinaa qofa osoo hin taane magaalota ammayyeessuun sadarkaa jireenyaa ummataa ol kaasuuf kaayyoo ta’uu ibsaniiru. Magaalonni Itiyoophiyaa magaalota Baha Afriikaa fi addunyaa waliin dorgomuu akka qaban ibsaniiru; akkasumas tajaajila ammayyeessuuf tajaajilli giddugala tokkoo guutuu biyyattiitti babal’achaa akka jiru hubachiisaniiru. Manneen kitaabaa ummataa, manneen kitaabaa dijitaalaa fi kaffeewwan saayinsii magaalaa Woldiyaatti ijaaraman odeeffannoo guyyaa guyyaa irraa gara beekumsaa fi qorannoo gadi fagootti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan, abbootii qabeenyaa fi ummanni pirojektoota misoomaa eegalaman gara baadiyyaatti babal’isuun badhaadhina biyyattii dhugoomsuuf waliin hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 18530
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.