ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Gaaffiin hulaa galaanaa itti jirru galma akka gahu qooda keenya ni baana-Jiraattota magaalaa Adaamaa
Oct 15, 2026 12
Onkololessa 05/2019 (ENA)-Itiyoophiyaan hulaa galaanaa shiraan irraa fudhatame deedisiisuuf hojii mootummaa ida’amuun eegalame guutummaatti akka deeggaranii fi galmaan gahuun qoodasaanii akka bahan jiraattonni magaalaa Adaamaa ibsan. Itiyoophiyaan seenaashee keessatti barootaaf abbaa hula galaanaa galaana diimaa ta’uun daldala idil addunyaa, humna galaanaa fi dhageettii ji’oo siyaasaa fayyadamaa kan turte biyya galaanaa ishee duriiti. Haa ta’u malee diinonnishee yoomiyyuu shira xaxaniin Itiyoophiyaan biyya ummata mil. 120 qabdu biyya addunyaa hula galaanaa hin qabne taateetti. Jiraattonni magaalaa Adaamaa dhimma kanarratti ENA’f yaada kennan akka jedhanitti, Itiyoophiyaan mirga hula galaanaa dogoggoraan dhabde kabachiisuuf carraaqqii dippilomaasii fi tarsiimawaa mootummaan itti jiru guutummaatti ni deeggaru. Mul’ata biyyaalessaa kana galmaan gahuuf hojii hojjetamu keessatti qoodasaanii bahuuf qophii ta’uu isaanii jiraattonni ibsaniiru. Isaan keessaa obbo Dirribaa Caalaa akka ibsanitti, galaanni diimaa qabeenya Itiyoophiyaan uumamaan qabdudha. Kaayyoon keenya ijoon hula galaanaa shiraan dhanbne deebifachuu malee karaa bahumsaa barbaachuu miti kan jedhan obbo Dirribaan, haqni jiru qaqqabiinsi galaana diimaa abbaaf/Itiyoophiyaaf akka deebi’u gochuudha jechuun ibsaniiru. Abbummaa hula galaanaa mirkaneessuuf dippilomaasiin dursuu qabaatus, gaaffii keenya deebifachuuf amma aarsaa lubbuutti kaffaluuf qophiidha jechuun dubbataniiru. Hawaasni addunyaa haqa Itiyoophiyaa akka hubatu carraaqqii dippilomaasii fi garagaraa mootummaan ida’amuu itti jiru cimee itti fufuu qaba jedhaniiru. Obbo Xilahuun Raagoo yaada kennaniin, miseensa raayyaa ittisaa biyyaalessaa duraanii ta’uun Asabii fi Mitsiwwaa jiraachuun daangaa biyyaa eegsisaa akka turan dubbatu. Mootummaan ida’amuu gaaffii hula galaanaa ilaalchisee hojii dippilomaasii bu’a qabeessa hojjechaa jiraachuu kan dubbatan obbo Xilahuun, gaaffiin kun akka milkaa’u mootummaa cinaa dhaabannee deeggarsaa fi aarsaa barbaachisu nikaffalla jedhaniiru. Gaaffiin abbummaa hula galaanaa mootummaa ida’amuutiin gaafatame ija akka banannuu fi abdiin keenya akka lalisu nu taasiseera kan jedhan ammoo jiraataa magaalaa Adaamaa obbo Mallasaa Ayyaalooti. Kiraan buufataa fi qaraxni kaffalamu irraa kan ka’e ummata Itiyoophiyaa hiyyummaaf saaxiluusaa gaabbiidhaan dubbatu. Itiyoophiyaan hula galaanaa shira diinota keessaa fi alaatiin dhabde deebiftee harkatti akka galfattu sochii fi tarkaanfii mootummaa ida’amuutiin eegalamee akka milkaa’u waan nurraa eegamu hunda raawwachuuf qophiidha jechuun mirkaneessaniiru.
Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob qisaasama yeroo fi maallaqaa hambisuun nu fayyadaa jira-jiraattota
Oct 15, 2026 17
Onkoloolessa 05/2019 (ENA)- Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob qisaasama yeroo hambisuun alatti baasii hin malleef akka hin saaxilamne akka isaan gargaare magaalaa Shaggaritti jiraattonni kutaa magaalaa Buraayyuu ibsan. Dhimmoota mootummaan akka ijootti qabate keessaa kenniinsa tajaajila mootummaa ammayyeessuu, bulchiinsa gaarii buusuu fi hudhaalee birokiraasii dhabamsiisuundha. Tajaajilamtoonni Kanaan dura dhimma tokkoof biirolee fi dhaabbilee garagaraa jidduu deddeebi’uun, yeroo dheeraa eeguun, akkasumas baasii hin malleef saaxilamuun bu’aa bayiin irra gahaa tureera. Hojmaanni haaraa kun qisaasama yeroo fi baasii uumuun gamatti, malaammaltummaa fi hojmaata badaaf ulaa banuun itti quufinsa ummata tajaajila barbaaduu gadi buusuun hariiroo ummataa fi mootummaa jidduutti dhiibbaa uumaa tureera. Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob rakkoo kana furuuf hojmaattota addaan faffaca’an bakka tokkotti qindeessuun teeknooloojiin deeggaramee tajaajila kennaa jira. Hojmaanni kun bu’aa bayii tajaajilamtootarra gahu hir’isuun, iftoominaa fi si’aayina kenniinsa tajaajilaa guddisuun akkasumas itti quufinsa mirkaneessuun jijjiirama guddaa fidaa jira. Magaalaa Shaggar kutaa magaalaa Buraayyuutti fayyadamtoota tajaajilichaa keessaa obbo Tamasgeen Ballaxaa akka dubbatanitti, Kanaan dura dhimma tokko raawwachiifachuuf deddeebii fi yeroo dheeraa akka gaafatu ibsanii, amma garuu yeroo gabaabaa keessatti tajaajila si’ataa argachaa jiru. Tajaajilli kun hawaasa kan fayyadee fi mootummaa fi hawaasa jidduutti wal amantaa uumuuf qooda olaanaa akka qabu eeraniiru. Tajaajilichi bakka tokkotti argamuunsaa deddeebii fi harkifannaa hambisuun, yeroo gabaabaa keessatti tajaajila gahaa argachuuf akka isa gargaare dargaggoo Baacaa Baqqaanaa ibseera. Adde Abarraash Makuraa gamasaaniin, Kanaan dura dhimma tokko raawwachiifdachuuf deddeebii fi yeroo dheeraa fudhachaa akka ture yaadachiisanii, amma garuu tajaajila wiirtuu tokkoo Masooniin tajaajila si’ataa fi qulqulluu battalatti argachuu akka danda’an ibsaniiru. Hojii gaggeessaan tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob kutaa magaalaa Burraayyuu Injiinar Isaayyaas Mokonnon akka ibsanitti, tajaajilichi deddeebii tajaajilamtootaa hambiseera. Hawaasni malaammaltummaaf akka hin saaxilamne gochuun mootummaa fi ummata jidduutti iftoomina kan guddise ta’uu dubbataniiru. Kana malees tajaajilli Kanaan dura waajjiraalee garagaraa keessatti faffaca’ee ture bakka tokkotti fiduun hawaasa kan bayyanachiise ta’uu eeraniiru.
Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa murtoowwan adda addaa qoratee raggaasise
Oct 15, 2026 72
Onkoloolessa 5/2019 (ENA): Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa murtoowwan adda addaa qorachuun sagalee guutuudhaan raggaasiseera. Manni Maree Bakka Bu'oota Uummataa 7ffaan bara hojii 1ffaa walga'ii idilee 3ffaa isaa gaggeesseera. Manni marichaa walga'ii idilee isaanii har'aatiin miseensota Koree gorsa dhimmoota Mana Maree moggaasuuf yaada murtoo dhihaate qoratee raggaasiseera. Akkasumas yaada murtoo sirna hojii fi caasaa, hojii fi itti gaafatama koomittee dhaabbii miseensota mana marichaa murteessuuf dhihaate qoratee raggaasiseera. Dabalataanis gaggeessitoota kaadhimamtoota Koreen dhaabbattoo fi ramaddii miseensotaa ilaalchisuun dhihaate raggaaseera.
Mootummaan ida’amuu waadaa ummataaf gale raawwachuun fayyadama ummataa mirkaneessaa jira-Pirezidaant Ordiin Badrii
Oct 15, 2026 62
Onkoloolessa 5/2019 (ENA)- Mootummaan ida’amuu waadaa ummataaf gale raawwachuun fayyadama ummataa mirkaneessaa jiraachuu Pirezidaantiin naannoo Hararii Ordiin Badrii.ibsan Naannoo Harariitti gamaaggamni raawwii hojii mootummaa fi paartii kurmaana jalqabaa bara bajataa 2019 gaggeeffamaa jira. Pirezidaantiin naannichaa obbo Ordiin Badrii waltajjii gamaaggamaarratti akka ibsanitti, waggoottan darban naannichatti gama hundaanuu hojiilee jajjabeessoo raawwachuun danda’ameera. Haala Kanaan fayyadamni ummataa cimuurra darbee dandeettii naannichi misoomuuf qabu guddaa dabaluusaa dubbataniiru. Xiyyeeffannoon waltajjii kanaa raawwii hojii mootummaa fi paartii kurmaana jalqabaa gamaaggamuun hojiiwwan itti aananiif od qopheessuu akka ta’e dabalanii dubbataniiru. Cimina kurmaana jalqabaa bara bajatichaa turan bal’isuun, hanqinoota jiran guutuun bu’aalee argaman gabbisuuf galteen kan itti walitti qabamuu fi kallattii fuulduraa kan kaa’amu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan ida’amuu gama hundaanuu guddina dinagdee galmeessisuu fi biyya ceesisuu akkasumas fayyadama misoomaa ummataa guddisuudha kan jedhan pirezidaantichi, hoggansi waadaa ummataaf gale raawwachuun itti gaafatamasaa bahu qaba jedhaniiru. Af-yaa’iin mana maree naannichaa obbo Sulxaan Abdusalaam, paartii badhaadhinaatti hogganaan waajjira damee naannoo Hararii obbo Geetuu Wayyeessaa dabalatee hoggantoonni olaanoo fi jiddu galeessaa moorummaa fi paartii naannichaa waltajjicharratti hirmaachaa jiru.
Yunivarsiitiin Haroo Mayaa hojii baruu fi barsiisuun cinaatti tajaajila hawaasummaatiinis hawaasa fayyadamoo taasisaa jiraachuu ibse
Oct 15, 2026 56
Biyya guddoo, ummata guddaa, mul’ata guddaa Onkoloolessa 5/2019 (ENA)- Yunivarsiitiin Haroo Mayaa hojii baruu fi barsiisuu, hojiiwwan qorannoo fi tajaajila hawaasaatiin hojjetu cimsee akka itti fufu pirezidaantiin Yunivarsiitichaa beeksisan. Pirezidaantiin Yunivarsiitichaa Dr. Jamaal Yusiif akka jedhanitti, Yunivarsiitichi bara barnootaa 2019 gara ofiin of bulchuutti cehuuf bara imala itti eegaludha. Kanaan wal qabatee qajeelfamoota barbaachisan qooda fudhattootaa fi ogeeyyota biyya keessaa fi biyya alaatti argaman waliin sakatta’amee fi ceepha’amee qophaa’uusaanii dabalanii ibsaniiru. Keessumaa Yunivarsiitichi qorannoo fi tajaajiloota hawaasaatiin hawaasaa fi qonnaan bulaa gargaaraa akka jiru doktar Jamaal ibsaniiru. Yunivarsiitichi hojiiwwan qorannoo fi tajaajila hawaasaatiin hawaasa naannawichaa karaa fayyaduun hojii hojjetaman cimsee akka itti fufu himaniiru. Keessumaa bu’aalee qorannoo rakkoo furanii fi sanyii midhaanii fi beelladaa dhugoomsuuf xiyyeeffatee akka hojjetu beeksisaniru. Yunivarsiitichi tumsaa fi walitti hidhaminsa dhaabbilee biyya keessaa fi idil addunyaa waliin eegumsa naannoo, fayyaa hawaasaa fi dameelee biroorratti waliin hojjetu cimsuu fi hojiiwwan qorannoo guddisuuf akka hojjetamu eeraniiru. Yunivarsiitichi hojiiwwan tajaajila hawaasaa qonna, barnoota, fayyaa fi kanneen birootiin hojjetu akka guddisu doktar Jamaal dubbataniiru. Keessumaa tajaajila seeraa bilisaan kennamuun wal qabatee tajaajila hawaasummaa hojjetu cimsee akka itti fufu eeranii, ga’umsa barsiisotaa guddisuurrattis hojii xiyyeeffannoo kennuun hojjetu cimsee akka itti fufu ibsaniiru. Yunivarsiitichi bara barnootaa kana barattoota haaraa kuma 5 ta’an har’aa eegalee akka simatu eeranii, barattootaaf wanti barbaachisu qophii taasifamuu Dr. Jamaal dubbataniiru.
Siyaasa

Mootummaan Ida’amuu bu’aa qabsoo ummata Oromootiin kan argameedha; tikfamuu qaba – Abbaa Duulaa Gammadaa
Oct 15, 2026 58
Onkololeessa 5/2019 (ENA):-Wareegama guddaa ummanni Oromoo bilisummaa, mirga ofiin of bulchuu, afaan, seenaa fi aadaa isaa guddisuuf kaffaleen jijjiiramni argame tikfamee fi cimee itti fufuu akka qabu Abbaa Duulaa Gammadaa ibsan. Abbaa Duulaa Gammadaa turtii ENA waliin taasisaniin, ummanni Oromoo waggoota dheeraaf mirga isaa kabachiisuuf qabsoo hadhaa’aa gaggeessaa turuu fi lubbuu ilmaan isaa hedduu wareeguu yaadachiisaniiru. Keessumaa, waggoota dhihoo darban keessatti dargaggoonni Qeerroo fi Qarreen jijjiiramni biyya keessatti akka dhufuuf wareegama guddaa kaffaluu isaanii ibsaniiru. Akka isaan jedhanitti, kaayyoon guddaan qabsoo ummata Oromoo mirga ofiin of bulchuu, afaan isaatiin dubbachuu, akkasumas seenaa fi aadaa isaa guddisuu fi dagaagsuu danda’u mirkaneessuu ture. Kana malees, Itoophiyaa keessatti gaheen fi qoodni ummanni Oromoo qabu akka kabajamu taasisuun kaayyoo qabsoo kanaa keessaa tokko ta’uu ibsaniiru. Kaayyoon kunis hojii irra oolaa jiraachuu fi jijjiiramni argame qabatamaan mul’achaa dhufuu eeraniiru. Kanaafuu, namoonni ammas hidhatanii bosona keessa socho’an maal argachuuf akka qabsa’aa jiran of gaafachuu qabu jedhaniiru. Gaaffii fi hanqinoonni furmaata barbaadan jiraachuu akka danda’an kan ibsan Abbaa Duulaa Gammadaa, mootummaan qaamolee gaaffii qaban waliin mari’achuun rakkoolee jiran furuuf qophii ta’uu yeroo garaagaraatti ibsaa turuu yaadachiisaniiru. Wareegama guddaa kaffalameen jijjiiramni argame akka hin badneef, namoonni jijjiirama kana deeggaruu, guddina biyyattii fi badhaadhina uummataaf waliin hojjechuu, akkasumas hanqinoota jiran mariidhaan furuuf gahee isaanii bahachuu akka qaban dhaamaniiru. Keessumaa, ergaa alaa fudhachuun hidhatanii qonnaan bultoota rakkisuun gaaffii fi kaayyoo ummata Oromoo bakka bu’uu akka hin dandeenye ibsaniiru. Gocha akkanaa gaaffii Oromoo dhugaa wajjin walqabsiisuun sirrii akka hin taanees dubbataniiru. Namoonni hedduun mootummaa waliin hojjechuuf murteessanii, mootummaa keessatti hirmaachuun ummata isaanii tajaajilaa jiraachuu eeruun, namoonni hidhatanii bosona keessa jiranis gara nagaa dhufanii, gaaffii yoo qabaatan mariidhaan akka furatan waamicha dhiyeessaniiru. Dhuma irratti, namoonni hidhatanii bosona keessa jiran marii fi nagaa filachuu dhabuun isaanii wareegama ummanni Oromoo, keessumaa dargaggoonni Qeerroo fi Qarreen kaffalan gatii dhabsiisuu akka ta’e hubachuu qabu jechuun ergaa isaanii dabarsaniiru.
Itoophiyaa fi Hulaa Galaanaa: Seenaa, Dantaa Biyyaalessaa fi kallattii gara fuulduraa
Oct 15, 2026 71
Galaanni Diimaan daandiiwwan daldala idil-addunyaa keessaa isa murteessaa ta’ee, dantaa dinagdee, nageenyaa fi ji’oopoolitikaa biyyoota hedduu walitti hidha. Itoophiyaaf immoo dhimma hulaa galaanaa argachuu fi itti fayyadamuu mirkaneessuun gaaffii dinagdee qofa osoo hin taane, dantaa biyyaalessaa, guddina dinagdee fi egeree biyyattii waliin kan walqabatudha. Itoophiyaan Galaana Diimaa waliin seenaa dheeraa walitti hidhaminsaa qabdi. Yeroo Itoophiyaan qarqara galaanaa qabdu keessatti, daldala, geejjibaa fi hariiroo biyyoota biroo waliin qabduuf buufatawwan doonii murteessaa ta’anitti fayyadamaa turte. Akkasumas, Galaana Diimaa fi naannawa isaa keessatti daldala, nageenyaa fi tasgabbii naannichaa mirkaneessuu keessatti gahee olaanaa qabdi turte. Haa ta’u malee, waggoota soddoma dura Ertiraan walabummaa ishee erga argattee booda, Itoophiyaan qarqara galaanaa ishee dhabdee biyya hulaa galaanaa kallattiin hin qabne taate. Haalli kun caasaa daldala alaa biyyattii irratti dhiibbaa geessisuun, geejjibaa fi loojistikii keessatti buufata doonii biyyoota ollaa irratti akka hirkattu taasiseera. Erga qarqara galaanaa dhabdee booda, Itoophiyaan daldala alaa ishee raawwachuuf buufata doonii biyyoota ollaa, keessumaa Jibuutii, irratti hirkachuu jalqabde. Hirkattummaan kun baasii geejjibaa, saffisa sochii daldalaa fi dorgommii gabaa irratti dhiibbaa geessisuu danda’a. Kanaafuu, filannoowwan buufata doonii bal’isuu, tajaajila loojistikii fooyyessuu fi hulaa galaanaa itti fayyadamuuf dandeettii cimsuun dhimma dinagdee biyyaalessaa keessatti iddoo olaanaa qaba. Ministirri Muummee Itoophiyaa, Dr. Abiyyi Ahimad, yeroo garaagaraatti Mana Maree Bakka Bu’oota Uummataa duratti dhimma hulaa galaanaa irratti yaada isaanii dhiyeessaniiru. Ibsa isaanii keessatti, dhimma kana seenaa, seera, teessuma lafaa, dinagdee fi dantaa biyyaalessaa Itoophiyaa waliin walqabsiisuun ibsaniiru. Akka ibsa isaanii keessatti kaasanitti, Itoophiyaan qarqara galaanaa dhabuu ishee irratti murtiin uummataa fi qaamolee mootummaa barbaachisoo hammate hin taasifamne. Ta’us, dhimma kanaaf furmaanni barbaadamu karaa marii, dippilomaasii fi nagaa irratti hundaa’uu akka qabu cimsanii ibsaniiru. Ministirri Muummee,Hulaan galaanaa guddina dinagdee, baay’ina uummataa fi gahee Itoophiyaan naannicha keessatti qabdu ilaalchisee, hula galaanaa argachuu fi itti fayyadamuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. Akka ibsa isaanii keessatti hubatamutti, fedhiin Itoophiyaa kun walitti bu’insa uumuuf osoo hin taane, dantaa dinagdee ishee guddisuu, dorgommii gabaa cimsuu fi faayidaa uummataa mirkaneessuuf kan ka’eedha. Kanaafuu, kaayyoon Itoophiyaa dantaa biyyaalessaa ishee fi dantaa biyyoota ollaa wal simsiisuun furmaata waaraa argachuudha. Kanaafis, marii dippilomaasii, waliigaltee faayidaa waloo irratti hundaa’e fi kabaja seera idil-addunyaa bu’uura godhachuun murteessaa dha. Galaanni Diimaan karaa daldala idil-addunyaa, geejjiba anniisaa fi sochii dooniiwwan daldalaa keessatti gahee tarsiimawaa qaba. Keessumaa, karaa Baab-el-Mandeb jedhamuun Galaana Diimaa fi Galoo Galaanaa Eden wal qunnamsiisu, daldala addunyaa keessatti iddoo murteessaa qaba. Haalli teessuma lafaa kun Galaana Diimaa naannawa dorgommii dantaa biyyoota naannichaa fi humnoota idil-addunyaa taasiseera. Kanaafuu, dhimma hulaa galaanaa Itoophiyaa biyyattin fageenya kiloo meetira 50 gadi keessatti kan arggamtuu taatus hulaa galaanaa malee hafuun ishii shirri hamaan biyyatti irratti raawwachuu isaa agarsiisa. Itoophiyaan biyya baay’ina uummataa guddaa qabdu, akkasumas dinagdee ishee babal’isuuf carraaqqii gootu waan taateef, karaa geejjibaa amansiisaa fi filannoowwan buufata doonii hedduu qabaachuun dorgommii dinagdee ishee cimsuu keessatti gahee olaanaa qaba. Haa ta’u malee, fedhii kana galmaan ga’uun tasgabbii naannichaa eeguu, wal amantaa biyyoota ollaa cimsuu fi waliigaltee seera qabeessa ta’e irratti hundaa’uu qaba. Itoophiyaan hulaa galaanaa itti fayyadamuuf filannoowwan garaagaraa dhiyeessuu dandeessi. Itoophiyaan karaa kennani fudhachuun karaa seeraa idil-addunyaa malee hulaa galaanaa itti cufamee abbummaan mirkaaneeffachuu qabdi. Tarkaanfiiwwan akkanaa baasii geejjibaa hir’isuu, daldala alaa saffisiisuu, filannoowwan geejjibaa babal’isuu fi dinagdee biyyattii caalaatti dorgomaa taasisuu keessatti gumaacha qabaachuu danda’u. Kana milkeessuuf garuu marii itti fufiinsa qabu, waliigaltee iftoomina qabu, faayidaa waloo kabajuu fi seera idil-addunyaa hordofuun hojjacha jirti. Walumaagalatti, dhimma hulaa galaanaa Itoophiyaa seenaa, dinagdee, nageenya, teessuma lafaa fi dantaa ji’oopoolitikaa walitti hidhuun barbaachisaadha. Itoophiyaaf hulaa galaanaa argachuu fi itti fayyadamuun dhimma dantaa biyyaalessaa fi guddina dinagdee waliin walqabatu yoo ta’u, furmaanni waaraan karaa nagaa, marii fi waliigaltee faayidaa waloo irratti hundaa’e tasgabbii Gaanfa Afrikaa cimsuu fi hariiroo biyyoota ollaa fooyyessuu keessatti bu’uura murteessaa ta’a. #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #MulataGuddaa
Qabeenyi Uumamaafi Aadaan Kibba Oromiyaa guddina naannichaafi biyyaaf gahee olaanaa qaba — Obbo Ahimad Haajii
Oct 15, 2026 55
Onkololeessa 5/2019 (ENA):- Qabeenyi uumamaafi aadaan Kibba Oromiyaa keessatti argamu qabeenya guddaa naannichaa fi biyya keenyaa ta’uu Sadarkaa Ittaanaa Pirezidaantiitti Bulchaan Godina Kibba Oromiyaa Obbo Ahimad Haajii ibsan. Rakkoolee nageenyaa bakka tokko tokkotti mul’atan furuun guddina akka biyyaatti eegalame itti fufsiisuuf hojjetamaa jiraas jedhan. Hooggansi Godina Kibba Oromiyaa gurmaa’insa mootummaa haaraa milkeessuu irratti Abbootii Gadaa fi bakka bu’oota kutaalee hawaasaa godinichaa waliin Magaalaa Bulee Horaatti mari’ateera. Hirmaattonni marichaa rakkooleen nageenyaa mul’atan yoo furaman, caasaan bulchiinsaa haaraan hojiirra oole guddina biyyaatiif bu’aa guddaa akka fidu abdii qabaachuu ibsaniiru. Kibbi Oromiyaa gama hundaan jijjiiramee akka mul’atuuf hojjechuun kaayyoo Mootummaa Naannoo Oromiyaa ta’uu kan ibsan Bulchaan Itti Aanaa fi Itti Gaafatamaan Waajjira Nageenyaa Kibba Oromiyaa, Obbo Liiban Areeroo, hooggansi haaraan caasaa mootummaa kanaan ramadames galma kana milkeessuuf cimee akka hojjetu dubbataniiru. #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #MulataGuddaa
Raayyaa Ittisaa gaachana Biyyaa
Oct 14, 2026 463
Raayyaan Ittisa biyyaa Itoophiyaa seenaasaa baroota dheeraa keessatti qormaatilee fi bu’aa bahii hedduu, akkasuamas wareegama qaalii kaffaluun har’aan ga’eera.Raayyaan ittisa biyyaa dhaabbata qormaatilee hedduu injifannoon keessa qaxxaa muree hara’a ga’edha. Raayyaan qormaatilee ammayyaa, dhiibbaawwan alaa fi keessaa jiran obsaan dandamachuudhaan wabii biyyaa fi ummataa ta'ee kan dhaabbate utubaa bilisummaati. Raayaan ittisa biyyaa dirree waraanaatti gootummaa fi dandeettii loltummaa gita hin qabne agarsiisuu isaatiin qofa osoo hin taane; naamusawwan waraanaa ol'aanaa ittiin beekamuun, aantummaa uummataa kan qabuu fi ofirra biyyaaf aarsaa kaffaluun uumata biratti baay’ee kan jaallatamuu fi kabajamudha. Qajeeltoon kun icciitii cichoominasaa yoo ta'u, tokkoon tokkoo miseensa raayyaa Ittisa biyyaa fedhii isaa, nageenya fi lubbuu isaa birmadummaa biyyaa fi ummataatiif dabarsees kennuuf kan isa qopheessu duudhaa jiraataadha. Har'as naamusaa fi duudhaasaa biyyaalessaa jabaa kana bu’uura godhachuun birmadummaa biyyaa kabachiisuuf fi diinota nageenya biyyaa booressuuf socho'an faccisuudhaan injifannoo irrati injifannoo dabaluun seenaa Itoophiyaa cimsuun itti gaafatamummaa isaa dandeettii ol'aanaadhaan bahachaa jira. Raayyaan Ittisa biyyaa bakka kamittuu iddoo itti seeraa kabachiisee fi nagaa mirkaneesse maratti hojiin isaa dirqama waraanaan qofa kan daangeffame miti. Isaan olitti uummata tasgabbeesuu, xiinsammuusaa haaressuu, bu’uuraalee misoomaa barbaada’an deebisanii ijaaruu adda durummaan ni raawwata. Amalli hojii fi kutannoon raayyaa ittisa biyyaa yeroo nagaa fi boqonnaa isaaniittis qophii olaanaa taasisuu leenjii jabaa, beekumsaa fi teeknooloojiidhaan dandeettii isaanii gabbisuun waamicha biyyaalessaa fi dirqama fuulduraatiif qophiitti jiraachuu isaanii mirkaneessa. Raayyaan Ittisa biyyaa qormaatilee baay'ee keessa darbe, jaalala fi deeggarsa ummataatiin kan cime wabii biyyaa fi gaachana hin cabne, gaachanaa fi dahoo jabaadha. Injifannoo wareegamaan argame Itoophiyaan seenaa ishee keessatti biyya bilisummaa fi birmadummaa isheetiif wareegama kaffaluun eenyummaa ishee kabachiifattedha. Birmadummaa fi kabajni biyya seena-qabeettii kanaa osoo hin sarbamiin hanga har'aatti turuu kan danda'e ammoo goota Raayyaa Ittisa Biyyaa baroota keessatti dhiigaa fi lafee isaatiin biyya dhaaban waan qabduufi. Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa bu'uura jiraachuu biyyaa, wabii nageenya uummataa fi humna cimaa agarsiistuu jaalala biyyaati. Hundeen seenaa raayyaa ittisa biyyaa imala birmadummaa biyyaa waliin kan walqabatedha. Injifannoo Adwaa irraa eegalee hanga ijaarsa ittisa biyyaa ammayyaatti, raayyaan kun ergama daangaa biyyaa eeguu dandeettii fi gahumsa olaanaadhaan ba’achaa tureera. Weerartoonni alaa birmadummaa biyyaa sarbuuf yeroo yaalanitti, raayyaan kun bifa adda addaatiin gurmaa’ee fi hiriiree wareegama kaffaluun biyya kabachiiseera. Imaanaan seenaa kun har'as itti fufee, tooftaa waraanaa ammayyaa, teeknoolojii fi hoj-maata saayinsaawaa qindeessuudhaan ergama daangaa samii fi daangaa lafa biyya ciminaan eeguu ba'achaa jira. Raayyaan ittisa biyyaa diina daangaa biyya isaa sarbe mogolee diinaa cabsee deebisuu fi olaantummaa seeraa kabachiisuudhaan hojii ol aanaa hojjetaa jira.Kanaanis mootummaanis ta’e uummataan Raayyaa ittisa biyyaa amanamaa ta’ee seenaa isaan yaadatamaa asiin ga’eera. Uummanni Raayyaa wareegama cimaan birmadummaa biyyaa kabachiise cinaa dhaabbatee deeggarsa barbaachisaa taasisaa jira. Ergama Nagaa Kabachiisuu Seenaan gootummaa Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa barreesse biyya keessatti qofa kan daangeffame miti. Nageenya biyya keessaa kabachiisuu fi sirna heera mootummaa eegsiisuuf qabsoo taasise cinaatti, ergama nageenya eegsisuu Idil-Addunyaa keessattis maqaa gaarii fi surraa qaba. Raayyaan kun daangaa eeguu bira darbee, ergamawwan nagaa kabachiisa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii fi Gamtaa Afrikaa keessatti gahumsa saayinsawaa fi amanamummaa hawaasaatiin maqaa gaarii biyyaa ol kaaseera. Kana malees balaa uumamaa ittisuu fi misooma biyyaa keessatti gahee qabuun hariiroo uummata waliin qabu caalmaatti cimseera. Itiyoophiyaan naannawaa Afrikaa Bahaatti olaantummaa tarsiimo'aa fi wabii nageenyaa ta'uushee ifatti labsuun diinaaf yaaddoo lammiileef immoo abdii, biyyaafis gaachana birmadummaa ta'eera. Riifoormii Raayyaa Ittisa biyyaa gahumsa Raayyaa guddise Raayyaa Ittisa Biyyaa Itoophiyaa gaachana birmadummaa biyyaa ta’uusaan seenaadhaan beekamu qabatamaan sadarkaa isa gitu akka argatuuf riifoormiin gaggeeffameera. Dhaabbileen barnootaa fi leenjii ittisaa saayinsii waraanaa, hoggansa tarsiimowaa fi teeknooloojiin kan badhaadhan waan ta’aniif, raayyichi balaawwan biyya keessaa fi naannoo dursee xiinxaluu fi ittisuu danda’eera. Bu’uuruma Kanaan riifoormii gaggeeffameen bu’aawwan aragamaniiru: Ajaja Paartii jalaa ba'uu: Raayyaan ittisaa meeshaa dhimma paartii siyaasa tokkoo raawwachiisu ta'uun hafee, raayyaa biyyaalessaa fi uummataa ta'ee akka gurmaa'u taasifameera. Ilaalcha tokko qabaachuu: Raayyaan ittisa biyyaa Sabummaa, amantaa fi faayidaa garee kamirraayyuu bilisa ta'uun, ilaalcha biyyaalessaa fi birmadummaa kabachiisu irratti akka xiyyeeffatu taasifameera. Tokkummaa biyyaalessaa fi birmadummaa biyyaa kabachiisuu irratti ejjennoo waltawaa tokko qabaachuu danda’ameera. Hidhannoo Ammayyaa fi Saayinsii Waraanaa: Raayyaan kun meeshaalee waraanaa ammayyaa, teeknooloojii fi saayinsii waraanaa addunyaa irra gahuun akka ijaaramu taasifamee jira Ergama isaa gahumsaan bahachuu danda’uu : Lafoo fi samii jalatti hojii hojjetuun teessuma lafaa kamirraattiyyuu rakkoo tokko malee ergama isaa baahachuun gahumsaa cimaa gonfateera. Raayyaan Ittisa Biyyaa Itoophiyaa seenaa gootummaa fi jaalala biyyaa bu’uura godhachuun, saayinsii waraanaa ammayyaa fi teeknooloojii ol’aanaa haammateen riifoormii fi dandeettii ijaarrachuu raawwateera. Wabii Nageenya Naannoo: Daangaa biyyaa eeguun cinaatti, nageenyaa fi tasgabbii Gaanfa Afrikaarratti qooda olaanaa taphachuu danda'uun gahumsa agarsiiseera. Diinni keessaa fi alaan qindoomuun imala badhaadhina Itoophiyaan eegalte gufachiisuun waraana labsuu hanga jeequmsa babal'isuutti yeroo gahan raayyaan ittisa biyyaa aarsaa lubbuu fi wareegama, akkasumas halkanii guyyaa roobaa, qorraa fi gammoojjii osoo hin jedhiin cichoominaan birmadummaa biyyaa kabachiisuu danda'eera. Rifoormiin dhaabbilee nageenyaa kun gama hundaan tokkummaan lammilee Itiyoophiyaa akka cimuufis gumaacha guddaa taphateera. Duudhaalee Raayyaa ittisa biyyaa 1.Naamusa fi Ummatummaa: Dirree waraanaatti gootummaa agarsiisuu qofa osoo hin taane, ummata gargaaruu, bu'uuraalee misoomaa deebisanii ijaaruu fi deeggarsa xiinsammuu deebisuu irratti dhiyeenyaan hojjetu. 2.Qophiitti Jiraachuu: Yeroo nagaattis leenjii jabaa, teeknoolojii fi beekumsa waraanaa ammayyeessuun waamicha biyyaalessaa kamiiyyuu simachuuf qophaa'oo ta'anii jiraatu 3.Biyyaaf dursa kennuu : Fedhii fi jireenya dhuunfaan olitti birmadummaa biyyaa, nagaa fi tas-gabbii biyyaatiif dursa kennanii tajaajiluun duudhaa isaanii isa guddaadha. #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #MulataGuddaa Miseensa Maatii ENA ta’aa : https://www.ena.et/web/links
Itoophiyaa:Biyya birmadummaa ishee tiksuun mallattoo injifannoo fi badhaadhinaa ta’a jirtu
Oct 14, 2026 313
Itoophiyaan biyya seenaa dheeraa, aadaa boonsaa, duudhaa gootummaa fi birmadummaa ishee eeguu keessatti qabsoo cimaa taasisuun dhalootaa dhalootatti darbaa dhufteedha. Biyya seenaa ishee keessatti qormaatilee hedduu keessa darbitee, weerartoota ofirraa qolachuun bilisummaa ishee tikfachuu dandeesse ta’uun, biyyoota Afrikaa fi Addunyaa biroof fakkeenya taateetti.Seenaa Itoophiyaa keessatti injifannoowwan galmaa’an gootummaa uummataa, jaalala biyyaa, tokkummaa fi kutannoo birmadummaa biyyaa eegsisuuf taasifame calaqqisiisu. Seenaa biyyattii keessatti yeroo adda addaatti qormaatileen siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa mudatan hedduun turan. Haata’u malee, qormaatileen kunneen biyyattii abdii kutachiisuu hin dandeenye. Kanaa mannaa, uummanni Itoophiyaa rakkoolee isa mudatan qolachuuf, birmadummaa isaa tikfachuuf, akkasumas eenyummaa fi kabaja biyya isaa eegsisuuf tokkummaa fi kutannoodhaan dhaabbachaa tureera. Kunis Itoophiyaan biyya qormaatilee keessatti jabaattee, injifannoo irraa barattee gara fuulduraatti tarkaanfachuu dandeessu ta’uu ishee mirkaneessa. Injifannoon Adawaa seenaa gootummaa fi birmadummaa Itoophiyaa keessatti bakka olaanaa qaba. Injifannoon kun qofa seenaa waraanaa osoo hin taane, mallattoo bilisummaa, ofitti amanamummaa fi dandeettii uummanni Itoophiyaa tokkummaa isaatiin humnoota isa weeraruuf dhufan qolachuu danda’u ta’uu isaati. Injifannoon Adawaa uummattoota Afrikaa fi saboota kolonii jala turaniifis abdii fi kaka’umsa ta’uun, bilisummaa fi kabaja ofii argachuuf qabsoon godhamu bu’aa qabaachuu akka danda’u agarsiiseera. Gootummaan abbootii keenyaa Itoophiyaa har’as seenaa keessatti yaadatamee kan hafuu qofa miti.Duudhaaleen abbootarraa dhaalle, kanneen akka jaalala biyyaa, tokkummaa, obsa, kutannoo fi birmadummaa biyyaa tiksuu, dhaloota har’aatiif bu’uura cimaa ta’anii jiru. Biyya ijaaruu fi cimsuun dirqama dhaloota tokko qofaan xumuramu osoo hin taane, dhaloota irraa dhalootatti darbuudha. Dhaloonni har’aa seenaa gootummaa abbootii isaa irraa barachuun, nageenya, tasgabbii, misooma fi badhaadhina waaraa mirkaneessuuf gahee isaa bahachuuf hojiilee eegalamee cimsee itti fufsiisa jira. Itoophiyaan biyya saboota, sablammootaa fi uummattoota garaagaraa, afaanota, aadaa fi duudhaa hedduu qabduudha. Garaagarummaan kun yoo sirnaan kabajamee, walqixxummaan yoo mirkanaa’ee fi dantaa waliinii irratti waliigalteen yoo cime, humna biyya guddisu ta’a. Tokkummaan Itoophiyaa jechuun garaagarummaa dhabamsiisuu osoo hin taane, garaagarummaa jiru kabajaa fi walitti dhufeenya cimsaa dantaa biyyaalessaa irratti waliin hojjechuudha. Tokkummaan akkasii birmadummaa biyyaa eeguuf, nageenya waaraa ijaaruuf, akkasumas misooma itti fufiinsa qabu milkeessuuf murteessaa dha. Har’a Itoophiyaan seenaa ishee boonsaa irraa humna argachuun gara guddina dinagdee, jijjiirama hawaasummaa fi ijaarsa biyya ammayyaatti ce’aa jirti. Hojiileen misoomaa dameewwan qonnaa, industirii, bu’uuraalee misoomaa, tuurizimii, teeknooloojii fi humna namaa irratti hojjetamaa jiran carraa dinagdee bal’isuuf, oomishtummaa guddisuuf, akkasumas jireenya uummataa fooyyessuuf bu’uura ta’u. Milkaa’inni dameewwan kanaa garuu qabeenya uumamaa qofa irratti kan hundaa’u osoo hin taane, humna namaa, hojii cimaa, itti gaafatamummaa fi hirmaannaa uummataa irratti hundaa’a. Misoomni jaalala biyyaa irraa maddu biyya ofii cimsuu fi qabeenya ishee sirnaan itti fayyadamuun mul’ata. Lammiin biyya isaa jaallatu qabeenya biyyaa kunuunsa, hojii isaa amanamummaadhaan hojjeta, seera kabaja, nageenya eeguu keessatti hirmaata, akkasumas rakkoolee hawaasaa furuuf qooda fudhata. Kanaafuu, jaalalli biyyaa jecha qofaan osoo hin taane, hojii guyyaa guyyaa, itti gaafatamummaa fudhachuu fi bu’aa uummataaf buusuun mirkanaa’a. Guddina dinagdee ariifachiisuuf qabeenya biyyattii jiran gara oomisha, hojii uumuu fi galii uummataa dabaluutti jijjiiruun barbaachisaa dha. Qonnaan bultoonni oomishtummaa isaanii guddisuun, dargaggoonni kalaqaa fi teeknooloojiitti fayyadamuun, abbootiin qabeenyaa invastimantii babal’isuun, akkasumas dhaabbileen mootummaa tajaajila qulqullina qabu kennuun guddina biyyaaf gumaacha olaanaa taasisuu danda’u. Hojiiwwan akkanaa keessatti tokkummaan, amanamummaan fi kaayyoo waliinii qabaachuun bu’aa argamu saffisiisa. Gama kanaan, Itoophiyaan seenaa birmadummaa ishee irraa barachuun, injifannoowwan darban bu’uura godhachuun, gara fuulduraatti tarkaanfachuu qabdi. Seenaa boonsaa qabachuun qofti gahaa miti; seenaa sana irraa barachuun rakkoolee yeroo ammaa furuun, carraawwan jiranitti fayyadamuun, dhaloota dhufuuf biyya caalaatti nageenya qabdu, badhaate fi dandeettii guutuu qabdu dhaalchisuun barbaachisaadha. Kunis mootummaa, uummata, dhaabbilee hawaasaa, damee dhuunfaa fi dhaloota dargaggootaa hunda irraa hojii waloo gaafata. Keessumaa dargaggoonni har’aa itti gaafatamummaa guddaa qabu. Isaan humna hojii, kalaqa, beekumsaa fi jijjiirama biyyattii saffisiisuu danda’anidha. Gootummaa abbootirraa dhaalan gara kalaqa, barnoota, qorannoo, oomisha, hojii uumuu fi tajaajila uummataatti jijjiiruun, biyya utubuu fi cimsuu keessatti qooda olaanaa bahachuu qabu. Dargaggoonni seenaa biyya isaanii beekanii, duudhaa gaarii irraa baratanii, beekumsaa fi ogummaa isaanii guddisuun, rakkoolee biyya isaanii furuuf yoo hojjetan, Itoophiyaan gara badhaadhina waaraatti saffisaan ce’uu dandeessi. Dargaggootaaf hojii uumuu, carraa barnootaa babal’isuu, dandeettii isaanii guddisuu fi hirmaannaa isaanii mirkaneessuunis murteessaa dha. Dargaggoonni abdii kutachuu irraa fagaachuun, nageenya fi tokkummaa isaanii kabajanii, yaada haaraa maddisiisuu fi hojii bu’aa qabu irratti bobba’uun guddina biyyaaf gumaacha olaanaa taasisuu danda’u. Gootummaan yeroo ammaa dirree waraanaa qofa irratti kan mul’atu miti; saayinsii fi teeknooloojii keessatti kalaqa uumuu, oomisha biyya keessaa guddisuu, hojii uumuu, malaammaltummaa mormuu fi tajaajila uummataaf amanamummaadhaan hojjechuunis gootummaa yeroo ammaa ti. Walumaagalatti, Itoophiyaan seenaa birmadummaa ishee eeguu, weerartoota qolachuu fi injifannoo galmeessuu keessatti fakkeenya taateetti. Seenaa kana keessatti humni ishee guddaan tokkummaa uummataa, jaalala biyyaa, kutannoo fi aadaa walta’iinsaa ture. Har’as gatiiwwan kana cimsuun, garaagarummaa kabajuun, misooma itti fufiinsa qabu irratti waliin hojjechuun barbaachisaadha. Injifannoowwan kaleessaa yaadachuun qofti osoo hin taane, isaan irraa humna argachuun hojii har’aa milkeessuun dirqama dhaloota ammaa ti. Itoophiyaan biyya guddoo, uummata guddaa fi mul’ata guddaa qabdu ta’uun ishee seenaa darbe qofa irratti kan hundaa’u miti; humna uummata ishee, qabeenya ishee fi fedhii misoomaa gara fuulduraatti qabdu irrattis hundaa’a. Kanaaf, mootummaa fi uummanni, keessumaa dhaloonni dargaggootaa, tokkummaa fi jaalala biyyaa bu’uura godhachuun biyya cimsuu, misooma ariifachiisuu fi badhaadhina waliinii dhugoomsuuf waliin hojjechuu qabu. Kun karaa seenaa boonsaa Itoophiyaa itti fufsiisanii dhaloota dhufuuf biyya cimtuu, badhaate fi kabajamtuu taate dhaalchisanidha. #BiyyaGuddoo #UmmataGuddaa #MulataGuddaa Miseensa Maatii ENA ta’aa : https://www.ena.et/web/links
Mootummaa Ida’amuu: Boqonnaa Haaraa Olka’insaa Biyyaa
Oct 13, 2026 595
Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad har’a miseensota Kaabinee Mootummaa Ida’amuu muudamaaf dhiyaatan Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataatti dhiyeessuun, muudamni isaanii akka ragga’u taasisaniiru. Muudamni miseensota Kaabinee kun dandeettii fi fedhii uummata tajaajiluu, qophii barnootaa, muuxannoo hojii fi bu’aqabeessummaa waliigalaa bu’uura godhatee kan raawwatamedha. Akka waliigalaatti, itti gaafatamummaa fi imaanaa guddaan Itoophiyaa gara sadarkaa guddinaa fi olka’iinsaa fooyya’aatti ceesisuu isaan irra kaa’ameera. Kana malees, raawwii hojii olaanaadhaan guddina biyyattii itti fufsiisuu fi jireenya guyyaa guyyaa lammiilee keessatti jijjiirama mul’atu fiduuf ciminaan hojjechuun isaan irraa eegama. Mootummaan Ida’amuu itti fufiinsa dhaabbilee, ijaarsa sirnaa fi bu’aqabeessummaa tajaajila uummataa irratti hundaa’uun adeemsa ijaarsa biyyaalessaa itti fufsiisuuf xiyyeeffannoo guddaa kennuun akka hojjetu ni eegama. Milkaa’inni dhaabbilee mootummaa kan madaalamu tajaajila uummataaf saffisaa, si’aawaa fi bu’a qabeessa ta’een waan ta’eef, ministiroonni haaluma kanaan qophaa’anii hojjechuu qabu. Lammiileen fayyadamaa akka ta’an mirkaneessuu fi tajaajiltoota dhugaa uummataa ta’uuf ciminaan hojjechuu qabu. Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad, kaadhimamtoonni miseensota Kaabinee Mootummaa Ida’amuu dandeettii fi fedhii hojii raawwachuu, muuxannoo hojii fi qophii barnootaa akka ulaagaalee bu’uuraa ta’anitti fudhatamuun, fayyadamummaa lammiilee mirkaneessuu fi tajaajiltoota dhugaa uummataa ta’uuf qophaa’uu akka qaban hubachiisaniiru. Muudamni mootummaa “kan ittiin bashannanan osoo hin taane, kan ittiin hojjetan” fi imaanaa uummataa olaanaa ta’uu kan eeran Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad, miseensonni Kaabinee biyya isaanii fi uummata isaanii amanamummaa fi qulqullina yaadaatiin tajaajiluuf ciminaan akka hojjetan dhaamaniiru. Mootummaan Ida’amuu carraa biyya bulchu argate kanaan, hojiiwwan misoomaa jalqabaman itti fufsiisuu, ijaarsa dhaabbilee cimsuu, olaantummaa seeraa mirkaneessuu fi fayyadamummaa lammiilee itti fufsiisuuf hojjechuun isaa eegama. Mootummaa Ida'amuu. Biyya Guddoo, Ummata Guddaa fi Mul'ata Guddaa

Hawaasummaa
Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob qisaasama yeroo fi maallaqaa hambisuun nu fayyadaa jira-jiraattota
Oct 15, 2026 17
Onkoloolessa 05/2019 (ENA)- Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob qisaasama yeroo hambisuun alatti baasii hin malleef akka hin saaxilamne akka isaan gargaare magaalaa Shaggaritti jiraattonni kutaa magaalaa Buraayyuu ibsan. Dhimmoota mootummaan akka ijootti qabate keessaa kenniinsa tajaajila mootummaa ammayyeessuu, bulchiinsa gaarii buusuu fi hudhaalee birokiraasii dhabamsiisuundha. Tajaajilamtoonni Kanaan dura dhimma tokkoof biirolee fi dhaabbilee garagaraa jidduu deddeebi’uun, yeroo dheeraa eeguun, akkasumas baasii hin malleef saaxilamuun bu’aa bayiin irra gahaa tureera. Hojmaanni haaraa kun qisaasama yeroo fi baasii uumuun gamatti, malaammaltummaa fi hojmaata badaaf ulaa banuun itti quufinsa ummata tajaajila barbaaduu gadi buusuun hariiroo ummataa fi mootummaa jidduutti dhiibbaa uumaa tureera. Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob rakkoo kana furuuf hojmaattota addaan faffaca’an bakka tokkotti qindeessuun teeknooloojiin deeggaramee tajaajila kennaa jira. Hojmaanni kun bu’aa bayii tajaajilamtootarra gahu hir’isuun, iftoominaa fi si’aayina kenniinsa tajaajilaa guddisuun akkasumas itti quufinsa mirkaneessuun jijjiirama guddaa fidaa jira. Magaalaa Shaggar kutaa magaalaa Buraayyuutti fayyadamtoota tajaajilichaa keessaa obbo Tamasgeen Ballaxaa akka dubbatanitti, Kanaan dura dhimma tokko raawwachiifachuuf deddeebii fi yeroo dheeraa akka gaafatu ibsanii, amma garuu yeroo gabaabaa keessatti tajaajila si’ataa argachaa jiru. Tajaajilli kun hawaasa kan fayyadee fi mootummaa fi hawaasa jidduutti wal amantaa uumuuf qooda olaanaa akka qabu eeraniiru. Tajaajilichi bakka tokkotti argamuunsaa deddeebii fi harkifannaa hambisuun, yeroo gabaabaa keessatti tajaajila gahaa argachuuf akka isa gargaare dargaggoo Baacaa Baqqaanaa ibseera. Adde Abarraash Makuraa gamasaaniin, Kanaan dura dhimma tokko raawwachiifdachuuf deddeebii fi yeroo dheeraa fudhachaa akka ture yaadachiisanii, amma garuu tajaajila wiirtuu tokkoo Masooniin tajaajila si’ataa fi qulqulluu battalatti argachuu akka danda’an ibsaniiru. Hojii gaggeessaan tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob kutaa magaalaa Burraayyuu Injiinar Isaayyaas Mokonnon akka ibsanitti, tajaajilichi deddeebii tajaajilamtootaa hambiseera. Hawaasni malaammaltummaaf akka hin saaxilamne gochuun mootummaa fi ummata jidduutti iftoomina kan guddise ta’uu dubbataniiru. Kana malees tajaajilli Kanaan dura waajjiraalee garagaraa keessatti faffaca’ee ture bakka tokkotti fiduun hawaasa kan bayyanachiise ta’uu eeraniiru.
Yunivarsiitiin Haroo Mayaa hojii baruu fi barsiisuun cinaatti tajaajila hawaasummaatiinis hawaasa fayyadamoo taasisaa jiraachuu ibse
Oct 15, 2026 56
Biyya guddoo, ummata guddaa, mul’ata guddaa Onkoloolessa 5/2019 (ENA)- Yunivarsiitiin Haroo Mayaa hojii baruu fi barsiisuu, hojiiwwan qorannoo fi tajaajila hawaasaatiin hojjetu cimsee akka itti fufu pirezidaantiin Yunivarsiitichaa beeksisan. Pirezidaantiin Yunivarsiitichaa Dr. Jamaal Yusiif akka jedhanitti, Yunivarsiitichi bara barnootaa 2019 gara ofiin of bulchuutti cehuuf bara imala itti eegaludha. Kanaan wal qabatee qajeelfamoota barbaachisan qooda fudhattootaa fi ogeeyyota biyya keessaa fi biyya alaatti argaman waliin sakatta’amee fi ceepha’amee qophaa’uusaanii dabalanii ibsaniiru. Keessumaa Yunivarsiitichi qorannoo fi tajaajiloota hawaasaatiin hawaasaa fi qonnaan bulaa gargaaraa akka jiru doktar Jamaal ibsaniiru. Yunivarsiitichi hojiiwwan qorannoo fi tajaajila hawaasaatiin hawaasa naannawichaa karaa fayyaduun hojii hojjetaman cimsee akka itti fufu himaniiru. Keessumaa bu’aalee qorannoo rakkoo furanii fi sanyii midhaanii fi beelladaa dhugoomsuuf xiyyeeffatee akka hojjetu beeksisaniru. Yunivarsiitichi tumsaa fi walitti hidhaminsa dhaabbilee biyya keessaa fi idil addunyaa waliin eegumsa naannoo, fayyaa hawaasaa fi dameelee biroorratti waliin hojjetu cimsuu fi hojiiwwan qorannoo guddisuuf akka hojjetamu eeraniiru. Yunivarsiitichi hojiiwwan tajaajila hawaasaa qonna, barnoota, fayyaa fi kanneen birootiin hojjetu akka guddisu doktar Jamaal dubbataniiru. Keessumaa tajaajila seeraa bilisaan kennamuun wal qabatee tajaajila hawaasummaa hojjetu cimsee akka itti fufu eeranii, ga’umsa barsiisotaa guddisuurrattis hojii xiyyeeffannoo kennuun hojjetu cimsee akka itti fufu ibsaniiru. Yunivarsiitichi bara barnootaa kana barattoota haaraa kuma 5 ta’an har’aa eegalee akka simatu eeranii, barattootaaf wanti barbaachisu qophii taasifamuu Dr. Jamaal dubbataniiru.
Magaalaa Shaggaritti wiirtuun bakka tokkoo Masoob tajaajila ariifataa fi si’ataa kennuudhaan itti quufinsa tajaajilamtootaa dabalaa jira
Oct 14, 2026 198
Onkoloolessa 04/2019 (ENA)- Magaalaa Shaggaritti wiirtuun bakka tokkoo Masoob tajaajila ariifataa fi si’ataa kennuudhaan itti quufinsa hawaasaa dabalaa akka jiru tajaajilli bakka tokkoo bulchiinsa magaalichaa ibse. Biyya guddoo, ummata guddaa, mul’ata guddaa Tajaajilli bakka tokkoo Masoob tajaajiloota dhaabbilee garagaraatti kennaman bakka tokkotti walitti qabuun namoonni yeroo fi humnasaanii qusatanii bu’aa bayii malee tajaajila si’ataa akka argatan gochuuf hojiirra kan ooledha. Naannoo Oromiyaa Bulchiinsa magaalaa Shaggarittis gaaffilee bulchiinsa gaarii hawaasaa deebisuu fi tajaajila caalaatti hawaasa biraan gahuuf tajaajila bakka tokkoo Masoob kutaalee magaalaa garagaraatti babal’isuurratti argama. Hojii gaggeessaan tajaajila bakka tokkoo Masoob magaalichaa obbo Kaasahuun Joobir turtii ENA waliin taasisaniin, bara bajataa 2019 wiirtuu muummee dabalatee dameewwan afur banuun walumaa gala wiirtuuwwan shan keessatti tajaajila si’ataa teeknooloojiin deeggarame kennaa jira. Hojii wiirtuuwwan kanneen keessatti hojjetamaniin, kurmaana jalqabaatti namoota tajaajila argachuuf dhufan kuma 165 fi 91 keessaa ulaagaa barbaadamu kan guutan kumni 161 ol tajaajilamuusaanii beeksisaniiru. Tajaajila Kanaan fedhii hawaasaa dhibbantaa 99 tuqaa 9 qaqqabsiiuu eeraniiru. Hawasni bu’aa bayii malee yeroosaatti gargaaramee misoomarratti akka xiyyeeffatu taasiseera jedhaniiru. Tajaajilamaan tokko jiddu galeessaan daqiiqaa 24 keessatti tajaajila argachuu akka danda’e obbo Kaasahuun kaasanii, hojmaanni kun rakkoolee bulchiinsa gaarii furuusaa fi hojiiwwan misoomaa si’achiisuudhaan fayyadama hawaasaa fi dinagdee ummataa mirkaneessuuf qooda guddaa akka qabaatu ibsaniiru. Akkasumas dhaabbilee tajaajila kennan kan faffaca’anii turan gara wiirtuu tokkootti fiduun yeroo gabaabaatti tajaajila ifaa fi guutuu kennuudhaan, amantaa fi hirmaannaa hawaasni mootummaarraa qabu qabatamaan guddisuusaa eeraniiru. Kunis wiirtuun kun galii mootummaa guddisuu, invastimantiin akka babal’atu gochuu akkasumas galmoota misoomaa karoorfaman si’achiisuurratti qooda olaanaa akka qabu hubachiisaniiru. Magaalaa Shaggaritti qaqqabinsaa tajaajilichaa babal’isuuf wiirtuleen kutaa magaalaa hundatti akka hundeeffaman obbo Kaasahuun kaasanii, bara bajataa kanas wiirtuuwwan dabalataa afur ijaaramanii tajaajilaaf akka oolan dubbataniiru.
Naannoo Affaaritti lammiilee sababa jijjiirama haala qilleensaatiin deeggarsa namoomaa barbaadaniif deeggarsi marsaa lammaffaa geejjibsiifamaa jira
Oct 14, 2026 211
Onkoloolessa 04//2019 (ENA) - Naannoo Affaaritti lammiilee sababa jijjiirama haala qilleensaatiin deeggarsa namoomaa barbaadaniif deeggarsi marsaa lammaffaa geejjibsiifamaa jiraachuu komishiniin hoggansa hojii soda balaa Itiyoophiyaa beeksise. Konkolaattonni man kuusaa jiddu galaa Adaamaarraa deeggarsa namoomaa fe’an har’a garasitti deemaniiru Naannichi humna ofiin deeggarsa gochuuf hojjechaa kan jiru yoo ta’u, komishiniin hooggansa hojii soda balaa Itiyoophiyaas lammiilee hunda dura dursi kennamuufii qabu deeggarsa taasisaa akka jiru beeksiseera. Haala Kanaan komishinichi naannoo Affaaritti lammiilee hunda dura dursi kennamuufii qabuuf man-kuusaa jiddu galaa Adaamaarraa deeggarsa marsaa lammaffaa geejjibsiisaa jira. Komishinichi deeggarsa Kanaan dura taasisaa ture cimsuudhaan dandeettii ofiitiin balaawwan uumamaa fi nam-tolcheef deeggarsa gochuuf tattaaffii itti jiru kan itti fufu ta’uu ibseera. Kanaaf deeggarsi namoomaa naannoo Affaaritti lammiilee hunda dura deeggarsa barbaadaniif ergamaa jiru akka qaqqabu kan taasifamu ta’uu komishinichi ibseera. Deeggarsi namoomaa marsaa jalqabaa tibbana gara naannawoota garagaraatti geejjibsiifamuunsaa ni beekama.
Diinagdee
Gaaffiin hulaa galaanaa itti jirru galma akka gahu qooda keenya ni baana-Jiraattota magaalaa Adaamaa
Oct 15, 2026 12
Onkololessa 05/2019 (ENA)-Itiyoophiyaan hulaa galaanaa shiraan irraa fudhatame deedisiisuuf hojii mootummaa ida’amuun eegalame guutummaatti akka deeggaranii fi galmaan gahuun qoodasaanii akka bahan jiraattonni magaalaa Adaamaa ibsan. Itiyoophiyaan seenaashee keessatti barootaaf abbaa hula galaanaa galaana diimaa ta’uun daldala idil addunyaa, humna galaanaa fi dhageettii ji’oo siyaasaa fayyadamaa kan turte biyya galaanaa ishee duriiti. Haa ta’u malee diinonnishee yoomiyyuu shira xaxaniin Itiyoophiyaan biyya ummata mil. 120 qabdu biyya addunyaa hula galaanaa hin qabne taateetti. Jiraattonni magaalaa Adaamaa dhimma kanarratti ENA’f yaada kennan akka jedhanitti, Itiyoophiyaan mirga hula galaanaa dogoggoraan dhabde kabachiisuuf carraaqqii dippilomaasii fi tarsiimawaa mootummaan itti jiru guutummaatti ni deeggaru. Mul’ata biyyaalessaa kana galmaan gahuuf hojii hojjetamu keessatti qoodasaanii bahuuf qophii ta’uu isaanii jiraattonni ibsaniiru. Isaan keessaa obbo Dirribaa Caalaa akka ibsanitti, galaanni diimaa qabeenya Itiyoophiyaan uumamaan qabdudha. Kaayyoon keenya ijoon hula galaanaa shiraan dhanbne deebifachuu malee karaa bahumsaa barbaachuu miti kan jedhan obbo Dirribaan, haqni jiru qaqqabiinsi galaana diimaa abbaaf/Itiyoophiyaaf akka deebi’u gochuudha jechuun ibsaniiru. Abbummaa hula galaanaa mirkaneessuuf dippilomaasiin dursuu qabaatus, gaaffii keenya deebifachuuf amma aarsaa lubbuutti kaffaluuf qophiidha jechuun dubbataniiru. Hawaasni addunyaa haqa Itiyoophiyaa akka hubatu carraaqqii dippilomaasii fi garagaraa mootummaan ida’amuu itti jiru cimee itti fufuu qaba jedhaniiru. Obbo Xilahuun Raagoo yaada kennaniin, miseensa raayyaa ittisaa biyyaalessaa duraanii ta’uun Asabii fi Mitsiwwaa jiraachuun daangaa biyyaa eegsisaa akka turan dubbatu. Mootummaan ida’amuu gaaffii hula galaanaa ilaalchisee hojii dippilomaasii bu’a qabeessa hojjechaa jiraachuu kan dubbatan obbo Xilahuun, gaaffiin kun akka milkaa’u mootummaa cinaa dhaabannee deeggarsaa fi aarsaa barbaachisu nikaffalla jedhaniiru. Gaaffiin abbummaa hula galaanaa mootummaa ida’amuutiin gaafatame ija akka banannuu fi abdiin keenya akka lalisu nu taasiseera kan jedhan ammoo jiraataa magaalaa Adaamaa obbo Mallasaa Ayyaalooti. Kiraan buufataa fi qaraxni kaffalamu irraa kan ka’e ummata Itiyoophiyaa hiyyummaaf saaxiluusaa gaabbiidhaan dubbatu. Itiyoophiyaan hula galaanaa shira diinota keessaa fi alaatiin dhabde deebiftee harkatti akka galfattu sochii fi tarkaanfii mootummaa ida’amuutiin eegalamee akka milkaa’u waan nurraa eegamu hunda raawwachuuf qophiidha jechuun mirkaneessaniiru.
IMF guddinaa fi ce’umsa dinagdee hunda galeessa Itoophiyaaf deeggarsa taasisu akka ittifufu mirkaneesse
Oct 14, 2026 238
Onkoloolessa 4/2019 (ENA) Dhaabbanni Maallaqaa Addunyaa (IMF) deeggarsa ce’umsaa fi guddina diinagdee hunda-galeessa Itoophiyaaf taasiisu haala fulla’aa ta’een kan ittifufu ta'uu beeksiseera. Walgaa’iin waggaa Dhaabbata Maallaqaa Addunyaa (IMF) fi Baankii Addunyaa Taayilaand, Baankokitti gaggeeffamaa jira. Walga’icharratti garee jilaa Bulchaa baankii biyyaalessaa Itoophiyaa Dr.Iyyoob Taakkaallanyiin durfamu hirmaachaa jira. Walga’icha cinaatti Dr. Iyyoob Takaaliny itti aanaa daarektara IMF Naayijeel Kilaarki waliin marii taasiisaniiru. Naayijeel Kilaarki, kaka'umsa, carraaqqii fi kutannoo cimaa Itoophiyaan riifoormii dinagdee itti fufsiisuuf qabdu dinqisiifataniiru. Biyyattiin qormaatilee ishee mudatan dandamachuudhaan kutannoo fi jijjiiramicha ittifufsiisuuf dandeettii ishee irratti xiyyeeffannoo kennanii dubbataniiru. Dabalataanis Itti aanaan Daarektarichaa, IMF hariiroo Itoophiyaa waliin qabu caalaatti cimsuuf fi tarsiimoo jijjiiramaa fi guddina diinagdee hunda-galeessa biyyattiif deeggarsa waaraa taasiisu caalaatti cimsee kan ittifufu ta'uu mirkaneessaniiru. #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa!
Itoophiyaa fi Faransaay tumsa dinagdee isanii cimsuuf akka hojjetan ibsan
Oct 13, 2026 420
Onkoloolessa 3/2019 (ENA) Itoophiyaa fi Faransaay tumsa diinagdee yeroo dheeraa gidduu isaanii jiru caalaatti cimsuuf akka hojjetan beeksisan. Walga’iin waggaa Dhaabbata Maallaqa Addunyaa (IMF) fi Baankii Addunyaa bara 2026 Taayilaand, Baangkookitti gaggeeffamaa jiru itti fufeera. Jilli bulchaa Baankii biyyaalessaa Itoophiyaa Dr. Iyyoob Takaalinyiin durfamu Walga’ii kanarratti hirmaachaa jira . Jilli kun walga’ii kana cinaatti itti aanaa barreessaa olaanaa Maallaqaa Faransaay Thomaas Riviyaal waliin marii gam-lamee gaggeessaniiru. Walga'iin kun tumsa dinagdee yeroo dheeraa Itoophiyaa fi Faransaay gidduu jiru gamaaggamuuf carraa gaarii uumeera. Marichaanis, ce’umsa riifoormii diinagdee gooroo Itoophiyaan hojiirra oolchaa jirtuun jijjiiramni bu’aa qabeessi dhufeera. Dabalataanis, deeggarsaa fi hirmaannaa Faransaay dhiyeessii misoomaa Itoophiyaatiif gochaa jirtu irratti mari'atameera. Maricharratti gareen lamaan misooma faayinaansiin, sirna liqii itti fufinsa qabuu fi bulchiinsaa, investimentii fi ijaarsa dandeettii dhaabbilee irratti caalaatti waliin hojjechuuf yaada wal-jijjiirraniiru. Marii kun tasgabbii diinagdee fi guddina waaraa mirkaneessuuf tumsa itti fufinsa qabuuf gahee murteessaa akka qabu irratti xiyyeeffatameera.
Hojii dhabdummaadhaan yeroo dabarsinu gara oomishtummaatti jijjiiruun kanneen biroofis madda galii uumaa jirra
Oct 13, 2026 233
Onkoloolessa 03/2019 (ENA)- Dargaggoonni magaalaa Jimmaa Bunaa fi loozii sona itti dabaluun hojii dhabdummaadhaan yeroo dabarsan gara oomishtummaatti jijjiiruun kanneen biroofis madda galii uumaa jiraachuu ibsan. Jimmaa fi naannoon ishee Bunaa fi looziidhaan beekamaa ta’us, oomishaaleen kunneen sona osoo itti hin dabaliin callaansaanii gabaaf kan dhihaatan waan ta’eef oomishtootarraa kaasee amma dargaggootaatti kan fayyadamu nama muraasa ture. Kana malees dargaggoonni naannawichaa hedduun carraan hojii gahaan waan hin jirreef hojii dhabdummaaf saaxilamanii turaniiru. Haa ta’u malee yeroo dhihoo asitti dargaggoonni magaalaa Jimmaa waldaalee xiqqaa fi maayikiroon gurmaa’an hula kana gara carraa gaariitti jijjiiraa jiru. Oomishaalee akka jirutti gurguruu manna teeknooloojii fi kalaqatti gargaaramuun akaawwii, dhadhaa loozii fi daakuu fi buna saamsamame qiqindeessuun gabaaf dhiheessuu eegalaniiru. Jiraataan magaalaa Jimmaa dargaggoo Junaddii Alii hojii dhabee yeroosaa qisaasaa akka ture dubbata. Yeroo booda garuu haala naannawataa hubachuu fi qorachuun buna daakame gabaaf dhiheessuuf karoorsee hiriyyootasaa waliin gurmaa’ee hojii eegaluusaa ibseera. Bulchiinsi magaalichaarraa leenjii argachuusaa fi hordoffiin akka taasifameef ibsee, yeroo ammaa buna qiqindeessuun gabaaf dhiheessaa akka jiru dubbateera. Dargaggoo Najaa Danuur hiriyyootasaa waliin gurmaa’uun loozii qiqindeessuun carraa hojii uummatariiru. Bittaan maashinii fi bakki hojii erga mijeeffameefiif booda hojii eegalanii haadholii naannawichaa 13’f carraa hojii uumaniiru. Hojii kana gara Invastimantiitti jijjiiruuf fedhii akka qaban dargaggoo Najaa dubbateera. በDargaggoota Kanaan carraa hojii kan argatan adde Foozee Abbaafiraa hojii argachuusaaniitti akka gammadan dubbataniiru. Adde Waziifaa Abbaaraayyaa fi Shamsee Abbaamoggaa carraa hojii kanatti fayyadamuusaanii dubbataniiru. Waajjira carraa hojii uumuu magaalaa Jimmaatti dursaan garee carraa hojii uumuu obbo Ashannaafii Girmaa, bara kana namoota kuma 31 fi 700’f carraa hojii uumuuf karoorfamee kurmaana jalqabaatti namoota kuma 2 fi 300’f carraan hojii uumamuusaa ibsaniiru. Bara kana dargaggoota kuma 7 fi 400 caalan damee industiriin qofa hojiitti galchuuf karoorfamuu dubbataniiru. Kurmaana jalqabaatti industirii godootiin waldaaleen 23 gurmaa’anii hojii eegaluusaanii dubbataniiru. Dargaggoonni hojii eegalan oomishasaanii gabaaf akka dhiheessan baazaarii garagaraa fi kanneen birootiin dursa kennuun walitti hidhaminsi gabaa uumamaa jiraachuu obbo Ashannaafiin ibsaniiru. Sadarkaan qulqullinaas abbaa taayitaa to’annoo qorichaa fi nyaataa waliin qindoominaan hordofamaa akka jiru eeraniiru.
Saayinsii fi teeknooloojii
Itiyoophiyaan guddina damee teeknooloojii hubannoo nam-tolcheetiin taasiftu itti fufsiisuuf leenjii fi tumsa irratti xiyyeeffachuu barbaachisa
Oct 13, 2026 303
Onkoloolessa 3/2019(ENA)- Itiyoophiyaan imaammattoota dandeettii damee teeknooloojii hubannoo nam-tolcheetiin qabdu hojiirra oolchuun gamatti dandeettii humna namaa leenjiin gabbisuu fi tumsa dhaabbilee cimsuun akka barbaachisu ibsame. Yunivarsiitiin Jimmaa fi akkaadaamiin innoveeshin endi teeknooloojii dijitaalaa Afriikaa (ADITA) gama misooma teeknoolooji, leenjii fi tajaajila gorsa ogummaatiin waliin hojjechuuf walii galaniiru. Hubannoo nam-tolchee baruu fi barsiisuu fi qorannoof itti gargaaramuuf dhimmoota barbaachisanirratti hoggantootaa fi ogeessota Yunivarsiitichaaf leenjiin kennameera. Hojii raawwachiisaan olaanaa akkaadaamii innoveeshin endi teeknooloojii dijitaalaa Afriikaa piroofeesar Shaggaawu Annaagaawu, akkaadaamichi gama misooma teeknooloojiin, leenjii fi dhimmoota konsaltaansiitiin Yunivarsiitii Jimmaa waliin hojjechuuf walii galuusaa ibsaniiru Tumsi kun Yunivarsiitonni hubannoo nam-tolchee baruu fi barsiisuu fi qorannoof sirnaan akka fayyadaman gargaaruuf kan akeekame ta’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaan gama hubannoo nam-tolcheen jijjiirama guddaa agarsiisaa jiraachuu ibsanii, inistiitiyuutiin hubannoo nam-tolchee hundeeffamuunsaa fi imaammanni damee kanaaf gargaaru bahuunsaa misooma teeknooloojichaa si’achiisuuf barbaachisoodha jedhaniiru. Guddinni teknooloojii bu’a qabeessa akka ta’u nama ogummaan cime horachuu fi dhaabbilee barnootaa, dargaggootaa fi dhaabbilee garagaraaf leenjii kennuun akka barbaachisu eeraniiru. Inistiitiyuutichi kaayyoo kanarratti hundaa’uun Yunivarsiitii Gondor, Bahaar Daar, Finfinnee fi Jimmaa dabalatee Yunivarsiitiiwwan biroo keessatti leenjii kennaa akka jiru Piroofeesar Shaggaawu dubbataniiru. Itiyoophiyaan moodaloota hubannoo nam-tolchee afaan biyyattii garagaraan hojjetan qopheessuun teeknooloojicharraa caalaa fayyadamuu akka qabdu eeraniiruy. Pirezidaantiin Yunivarsiitii Jimmaa Dr. Darajjee Ingidaa gamasaaniin, Yunivarsiitichi itti fayyadama teeknooloojii babal’isuuf dhaabbilee garagaraa waliin tumsaan hojjechaa akka jiru ibsaniiru. Yunivarsiitichi hojjettootasaa teeknooloojiin ga’oomsuun gamatti dame hubannoo nam-tolcheetiin lammiilee ga’ooman horachuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Daarektarri wiirtuu ‘ICT’ Yunivarsiitii Jimmaa Dr. Mahaammad Muntaaz, leenjiin akkaadaamichi Yunivarsiitii Jimmaatti kennaa jiru itti fayyadama hubannoo nam-tolchee guddisuuf qooda guddaa akka qabu ibsaniiru. Yunivarsiitichatti daarektarri wiirtuu qacarrii hojii fi kalaqaa Dr. Wayinisheet Daffaar gamasaaniin, leenjiin kun hoggantoota olaanoo Yunivarsiitichaaf kennamuunsaa sadarkaadhumaan kanneen biroos leenjisuuf akka gargaaru dubbataniiru. Leenjiin kun guyyoota lamaaf akka kennamu beekameera.
Tajaajilli Wiirtuu tokkoo Masoob sirna hirmaachisaa lammiileen hundi walqixa itti keessummeeffamanidha
Oct 8, 2026 768
Fulbaana 28/2019 (ENA): Tajaajilli Wiirtuu tokkoo Masoob sirna hirmaachisaa lammiileen hundi walqixa itti keessummeeffaman ta’uun ibsame. Tajaajilli wiirtuu tokkoo masoob tajaajila si’ataa fi amansiisaa ta’e uumuun amantaa tajaajilamtootaa kan cimsu ta’uu Sadarkaa Itti Aanaa Pirezidaantii oromiyaatti Bulchaan Godina kibba bahaa Oromiyaa Obbo Ahimad Idriis ibsan. Obbo Ahimad tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob magaalaa Dalloo Mannaatti ijaarame eebbisanii hojiif banaa taasisaniiru. Bulchaan Godinichaa akka jedhanitti, mootummaan naannichaa tajaajila bu’uuraa lammiileen mootummaarraa argatan ammayyeessuu irratti xiyyeeffannoon hojjechaa jira. Rakkoo kenninsa tajaajilaa fi qaamolee adda addaa biratti mul’atu furuuf tajaajilli wiirtuu tokkoo furmaata tokko ta’uusa dubbataniiru. Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob lammiileen kabajaa fi si’oominaan akka tajaajilaman, akkasumas dhaabbilee irratti amantaa akka horatan kan taasisu ta’uu ibsaniiru. Aanaalee godinichaa hunda tajaajila wiirtuu tokkoo babal’isuun dhiyeessii tajaajila mootummaa si’ataa ta’e uumuuf hojjetamaa jira jedhaniiru. Obbo Ahimmad tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob imala Dijiitaala Itoophiyaa qabame kan deeggaru ta’u ibsaniiru. Kana malees, tajaajilichi lammiilee baasii hin barbaachisne irraa kan baraaruu ta'uu dubbataniiru. Gama biraatiin, Bulchaan Aanicha Obbo Umar Mahaammad, tajaajilli wiirtuu tokkoo tajaajiloota 82 wiirtuu tokkotti kan dhiyeessu ta’uu dubbataniiru. Tajaajilli wiirtuu takkaa Mesob sirna hirmaachisaa lammiileen hundi walqixxummaan itti tajaajilaman ta’uu isaas eeraniiru.
Barumsi inistiitiyuutii teeknooloojii Shaggaritti kennamaa jiru biyyi keenya teeknooloojiin akka dorgomtu kan taasisudha
Oct 2, 2026 996
Fulbaana 22/2019 (ENA) - Barumsi inistiitiyuutii teeknooloojii Shaggaritti kennamaa jiru biyyi keenya teeknooloojiin akka dorgomtu kan taasisuu fi dhalootaaf abdii kan kennu ta’uusaa miseensonni hawaasa diyaasporaa Oromiyaa ibsan. Ayyaana Irreechaa kabajuuf biyya kan dhufan miseensonni diyaasporaa Oromiyaa magaalaa Shaggaritti kan argamu inistiitiyuutii teeknooloojii Shaggar dabalatee hojiiwwan misoomaa garagaraa daawwataniiru. Miseensonni diyaasporaa hojiilee misooma dijitaalaa hojjetaman dinqisiifataniiru. Ameerikaarraa kan dhufan Doktar Tamasgeen Shaashoo ENA’f akka ibsanitti, hojiin inistiitiyuutii teeknooloojii Shaggaritti argan biyyi keenya teeknooloojiin dorgomtuu akka taatu kan dandeessisuu fi dhaloota boruuf abdii guddaa kan kennudha. Yeroon kun addunyaan hubannoo nam tolcheen(AI) deeggaramaa yeroo jirtu waan ta’eef biyyi keenya teeknooloojiiwwan dameewwan garagaraa alaa galan biyya keessatti bakka buusuuf hojiin hojjechaa jirtu guddaa kan jajjabeeffamuu qabudha jedhaniiru. Keessumaa barattoonni qabxii olaanaa galmeessisan hubannoo nam-tolchee(AI) akka deeggaramanii fi akka ga’ooman gochuuf hojiin hojjetame kan dinqisiifatan Doktar Tamasgeen, hojiiwwan amma hojjetaman kan abdii namaa kennan ta’uu dubbataniiru. Afriikaa kibbaarraa kan dhufan Umar Usmaan gamasaaniin, hojii inistiitiyutichatti arganitti guddaa gammaduusaanii ibsaniiru. Hojiin gama teeknooloojiitiin naannoo Oromiyaatti hojjetamaa jiru biyyi keenya teeknooloojiidhaan kallattii sirriirra akka jirtu agarsiisa jechuun ibsaniiru. Noorweeyirraa kan dhufan adde Leensaa Lammeessaa, barumsi inistiitiyuutichatti kennamaa jiru sadarkaasaa kan eege waan ta’eef dargaggoonni barumsa qulqulluu biyyasaanii keessatti argatanii sadarkaa idil addunyaatti dorgomuuf akka isaan dandeessisu taasisa jedhaniiru. Dura taa’aan boordii diyaasporaa Oromiyaa obbo Tasfaayee Diimaa akka jedhanitti, daawwannaan kun qama aadaa daawwannaa pirojektoota gurguddoo torban irreechaatti wagga waggaan taasifamuuti. Daarektarri dhimma diyaasporaa Oromiyaa obbo Amiin Jundii gamasaaniin, inistiitiyuutichi erga hundeeffamee wagga tokko ta’uusaa ibsanii, amma ammaatti barattoota qabxii olaanaa Fidan 200 ol simatee barumsa hubannoo nam-tolchee(AI)‘n deeggarame barsiisaa jira jedhaniiru. Kaayyoon ijoo daawwannaa kanaa jijjiirama hunda galeessa biyya keenyatti dhufaa jiru qabatamaan agarsiisuun miseensonni diyaasporaa Oromoo beekumsaanis ta’e invastimantiidhaan biyyasaanii deeggaruuf akka qophaa’an gochuu akka ta’e dubbataniiru
Dhaabbatichi kalaqoota teeknooloojii fi intarpiraayizoota of danda’an horachuun qoodasaa bahachaa jira
Sep 25, 2026 1428
Fulbaana 15/2019 (ENA)- Inistiitiyuutiin leenjii teekniikaa fi ogummaa FDRI kalaqoota teeknooloojii fi intarpiraayizoota of danda’an horachuun qoodasaa bahachaa jiraachuu ibse. Dhaabbatichi hojiisaa hawaasaaf beeksisuuf kan isa gargaaruu fi guyyoota 15’f kan turu ‘torban odeeffannoo’ ilaalchisee ibsa kenneera Itti aanaan daarektara olaanaa inistiitiyuutichaa Dr. Habtaamuu Mulugeetaa wayita kana, dhaabbatichi woorkishooppiiwwan gurmaa’an, laaboraatooriiwwanii fi bakka itti shaakalamu qabaachuunsaa dargaggootaaf dandeettii fi carraa guddaa akka uumu ibsaniiru. Dhaabbatichi dargaggoonni carraa hojii uumuu isaan dandeessisu akka isaaniif argamsiise eeraniiru. Haala Kanaan dhaabbatichi kalaqoota teeknooloojii biyyattii guddisuu danda’anii fi በintarpiraayizoota of danda’an horachuudhaan qoodasaa bahachaa akka jiru ibsaniiru. Barattoota bara 2019 simatuuf barnoota bu’a qabeessa kennuuf qophii ga’aa taasisuusaa dubbataniiru. Waggoottan lamaan darban qofa fedhii yeroon barbaadu kan guute sagantaawwan haaraa 11 ta’aneegaluusaanii beeksisaniiru. Kanneen keessaa sagantaan leenjii hubannoo nam-tolchee(AI) isa tokko yoo ta’u, sagantaa Kanaan bara 2018 irraa eegalee barattoota simatee leenjisaa akka jiru ibsaniiru. Itti aantuun daarektara olaanaa inistiitiyuutichaa Tsadaalee Takluu gamasaaniin, inistiitiyuutichi xiyyeeffannoon qulqullina barnootaaf kenne bu’aa qabatamaa fidaa jiraachuu ibsaniiru. Dhaabbatichi kaampaasiisaa muummeetti beekamtii ISO 9001:2015 mirkaneessuusaa dubbataniiru.
Ispoortii
Gareen Madaaltota teeknikaa Kofedereeshiniin kubbaa Miilaa Afriikaa Finfinnee galan
Oct 15, 2026 54
Onkoloolessa 5/2019 (ENA) Gareen Madaaltota teeknikaa Kofedereeshiniin kubbaa Miilaa Afriikaa (CAF) dandeettii qophii Itoophiyaan Waancaa Afrikaa kan bara 2028 qopheessuuf qabdu madaaluuf Finfinnee seeneera. Ministirri Dargaggoo fi Ispoortii Dr. Akliiluu Taaddasaa ETV akka ibsanitti, gareen kun turtii isaatiin fooyya'insa caasaa ispoortii, sadarkaa istaadiyeemotaa, dame hoteelaa fi keessummeessummaa, akkasumas qophii geejjibaa fi loojistiikii sirriitti madaala. Madaallii Finfinneetti taasisuun alattis, hojiiwwanii fi sochiiwwan misoomaa biyyattii keessatti raawwataman deddeemanii ni daawwatu. Gareen kun odeeffannoo barbaachisu walitti qabee erga xumuree booda, gabaasa walii galaa dhiyeessu irratti hundaa'uun murtoo dhumaa biyya qopheessituu koree hojii Hojii Raawwachiisaa CAF'f kan dhiyeessu ta'a. Itoophiyaan walakkaa jaarraa booda dorgommii Ardii irra deebiin gara biyya isaatti deebisuuf gaaffii dhiyeessuun kan yaadatamudha.
Atileet Tigisti Asaffaa kaadhimamtuu Atileetii Filatamtuu Dubartoota Atileetiksii Addunyaa taate
Oct 6, 2026 1022
Fulbaana 26/2019 (ENA ): Atileet Tigisti Asaffaa kaadhimamtuu Atileetii Cimtuu Dubartoota Atileetiksii Addunyaa bara 2026 keessatti hammatamte. Atileetiksiin Addunyaa har'a atileetota addunyaa kanarraa ciccimoo ta'an 10 koorniyaa lamaanii ifoomsoosera. Kaadhimamtoota dubartoota keessaa atileetii lammii Itoophiyaa Taagisti Asaffaati. Atileet Taagisti kanaan dura Atileeti Cimtuu Dubartoota Atileetiksii Addunyaa bara 2023 fi 2025 ta’uun kaadhimamtee turte. Tibbana Maraatoonii Barliin irratti miidhamaan qoramtee turtus, atileetiin kun sa'aatii 2, daqiiqaa 11 fi sekondii 04’n xumuruun sa'aatii saffisaa addunyaa irratti sadarkaa 3ffaa galmeessiteetti. Akkasumas Maraatoonii Landan bara 2026 irratti sa'aatii 2, daqiiqaa 15 fi sekondii 41’n maaraatoonii dubartootaatiin riikardii addunyaa haaraa galmeessiteetti.
Fiigichi guddichi Irreechaa duudhaalee ayyaana Irreechaa addunyaatti beeksisuuf gahee olaanaa qaba
Oct 1, 2026 1041
Fulbaana 21/2019 (ENA) — Fiigichi Guddichi Irreechaa, fageenya kiilomeetira 10n magaalaa Bishooftuutti gaggeeffame, faayidaa ispoortii, hawaasummaa fi biyyaalessaa cimsuu bira darbee, Ayyaana Irreechaa sadarkaa addunyaatti beeksisuuf gahee olaanaa qabaachuun ibsame. Hoggantuun Biiroo Aadaa fi Ispoortii Oromiyaa, Aadde Rozaa Biyyaa, sagantaa jalqabbii fiigichaa guddicha Irreechaa irratti ergaa dabarsaniin, ispoortiin nagaa, jaalala, tokkummaa fi obbolummaa ummatootaa cimsuuf gahee olaanaa akka qabu ibsaniiru. Aadde Rozaan, fiigichi guddaan kun duudhaalee, aadaa fi seenaa Ayyaana Irreechaa hawaasa addunyaatti bal’inaan beeksisuuf waltajjii guddaa ta’uu himaniiru. Kanaaf fiigicha kana osoo walirra hin kutiin waggaa waggaan akka gaggeeffamu kan hojjetamu ta'uu himaniiru. Kantiibaan Magaalaa Bishooftuu, Obbo Alamayyoo Asaffaa, gamasaaniin, fiigichi kun Bishooftuu giddugala turiizimii caalaatti taasisuuf hojiiwwan hojjetamaa jiran saffisiisuufi cimsuuf gumaacha olaanaa qabaachuu ibsaniiru. Fiigichi kun waggoota torba booda yeroo lammaffaaf, mata-duree “Irreechaa Waliigaltee Biyyaalessaaf” jedhuun gaggeeffame. Fuuldurattis addaan osoo hin cinne, waggaa waggaadhaan akka gaggeeffamu himaniiru. Dorgommicharratti hoggantoonni olaanoon mootummaa federaalaa fi naannoo, Abbootiin Gadaa, maatii atileetota beekamoo addunyaa kanneen akka Xuruneesh Dibaabaa, atileetonni profeeshinaalaa 1,400 ol, akkasumas jiraattonni Magaalaa Bishooftuu fi deeggartoonni 50,000 ol hirmaataniiru.
Fiigichi irreechaa 2ffaan mata duree “irreechi walii galtee biyyaalessaaf” jedhuun Biishooftuutti gaggeeffamaa jira
Oct 1, 2026 818
Fulbaana 21/2019 (ENA)- Jala bultii ayyaana irreechaa 2019 ilaalchisuun fiigichi irreechaa 2ffaan mata duree “irreechi walii galtee biyyaalessaaf” jedhuun Biishooftuutti gaggeeffamaa jira. Irreechi ayyaana galateeffannaa, araaraa, jaalalaa fi tokkummaa ta’uun olitti, sabaa fi sab lammoota garagaraa bakka tokkotti kan fidu akkasumas waliigaltee,nageenyaa fi obbolummaa kan cimsu waltajjii waloo ta’aa dhufeera. Ayyaanni irreechaa aadaa fi duudhaa Oromoo dhalootarraa dhalootatti dabarsuurra darbee, garaagarummaa keessatti walkabajaa fi jaalala guddisuun Itiyoophiyaaf qabeenya waloo ta’uudhaan biyya keenya sadarkaa idil addunyaatti beeksisaa jira. Kaayyoon fiigichi daandiirraa kun irreechi waltajjii obbolummaa, tokkummaa fi dhiifamaa ta’uusaa addunyaaf beeksisuudhaan hawattummaasaa guddisuu akka ta’e ibsameera. Atileetonni biyya keessaa fi biyya alaa akkasumas namoonni kuma 50 caalan fiigicha irreechaa daandiirraa km. 10 fagaatu kanarratti hirmaachaa jiru.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Itiyoophiyaa fi Denmaark jijjiirama haala qilleensaarratti tumsasaanii akka cimsan ibsan
Oct 14, 2026 210
Onkoloolessa 4/2019 (ENA)- Itiyoophiyaa fi Denmaark jijjiirama haala qilleensaarratti tumsasaanii caalaatti cimsuuf walii galtee mallatteessaniiru. Ministirri maallaqaa Dr. Fitsum Asaffaa fi Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Deenmaark Sunee Kiroogsitirup walii galticha mallatteessaniiru. Akkaataa walii galtee kanaatti Itiyoophiyaan jijjiirama haala qilleensaa ilaalchisee ajandaa duraa fi kallattii xiyyeeffannoo sadarkaa idil addunyaatti beeksisuu fi agarsiisuuf gootuuf Deenmaark deeggarsa maallaqaa akka taasiftu himameera. Walii galteen haaraan kun hirmaannaa Itiyoophiyaan Kanaan dura taateewwan jijjiirama haala qilleensaarratti taasisaa turterratti hundaa’uun kan raawwatame yoo ta’u michoomaa fi tumsa egeree biyyoota lamaanii caalaatti akka cimsu ibsameera.
Ergaa Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad dabarsan:
Oct 13, 2026 259
Inistitiyuutii Metiworooloojii Itoophiyaa daawwachuuf carraa argadheen ture. Dhaabbatichi tajaajila raaga qilleensaa guutuu kennuudhaan dhaabbata humna misoomaa biyyattiif hojiiwwan murteessaa ta'an hojjechuudhaan umurii bara dheeraa qabudha. Daawwannichaan haala qilleensaafi amala qilleensaa jijjiiramaa jiru ilaalchisee haalota hubachuufi deebii kennuudhaan humna qabnu cimsuudhaaf odeeffannoo meetiriiwooloojii funaanuun, qorannoon saayinsaawaafi guddinni teknooloojii faayidaa olaanaa qabu kan mirkaneesse ta'uu argeera. Dhaabbilee akka Inistitiyuutii Metiworooloojii Itoophiyaa jiran cimsuun baay'ee barbaachisaadha. Tajaajiloota dameewwan ijoo akka qonnaa, bishaan, fayyaa, aviyeeshiniifi hooggansi hojii yaaddoo balaa itti hirkatan fooyyessuuf ijaarsa dandeettii humna namaa, teknooloojiiwwan ammayyaafi misooma bu'uraa odeeffannoo irratti qabeenya ramadanii hojechuun murteessaadha. Keessaayyuu balaawwan dursanii tilmaamuuf, naannaawwan kamitti dafanii qaqqabuun caalaatti akka barbaachisu murteessuuf akkasumas karaa wayitawaa fi bu'a-qabeessa ta'e akka sochoonu gochuuf faayidaa sirnoonni dursanii akeekkachiisuu qaban najajjabeesseera. Odeeffannoo amansiisaan gara qajeelfamoota qabatamaatti yoo jijjiiramu lubbuu baraara; qabeenya kunuunsa, akkasumas murtii fooyya'aa kennuuf gargaara. Hojiin akkasii saatalaayitii ilaaluu bira kan darbudha. Hojichi odeeffannoowwan funaanamanii, qindaawwaaniifi qaacceffamanii tarkaanfii wayitaawaa fudhachuuf akka gargaaran, buufatawwan funaansa odeeffannoofi man'ee giddugala odeeffannoo ciccimoo guutummaa biyyattiitti argaman irraattis kan hundaa'edha.
Harka Lammiilee isheen Dachee Laliste -Itoophiyaa
Sep 22, 2026 2408
Waggoota kurnan darban keessa uwwisni bosonaa ishee baay’ee haphatee ture. Haalli kunis biyyattii jijjiirama haala qilleensaa fi eegumsa naannoof qormaata itti ta’aa tureera. Kaka’umsa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin ifatti bara 2011 kan jalqabame sagantaan ashaaraa magariisaa bu’aa olaanaa fidaa jira. Sagantaa ashaaraa magariisaa kanas ummanni Itoophiyaa qajeelfama hoggansa isaa fudhachuun duulaan biqiloota dhaabuun adda duree akka ta’e Zegaardiyaan gabaasa isaa keessatti bal’inaan ibseera. Haliimaa Kadir yeroo jalqabaaf gaafa biqiltuu dhaabuu jalqabdu namoonni akka ishee shakkanii fi itti qoosan akka turte illee Zegaardiyaan gabaasa isaa keessatti eereera. Biqiloonni dhaabaman kunniin muuzii,zayituunaafi Giraaviiliyaa, akkasumas gosoota kuduraa fi muduraa adda addaan oyiruu uwwifame bira teessoo mukaarra teessee gaafa biqiltuu dbaabuuf jettu sana gara duubatti yaadatti. Olloonni koo abdii na kutachiisanii ture jetti. Garuu waan ajaa’ibaa hojjette. Namoota Tokkoo tokkoo isaaniif ifaajii homaa hin baafne itti fakkaatee ture;garuu booda biqiloonni dhaabaman kunniin jijjiirama qilleensaa fi wabii nyaataa mirkaneessuuf furmaata ta’ee gaafa argamu dhugaa jiru hubachaa dhufuu isaanii ibsiti. Naannoo Oromiyaa aanaa Barbareetti kan kan argamtu Haliimaa Kadir umuriin waggaa 35 kan taate,biqiloota kumaatamaan lakkaa’aman dhaabuun eegumsa naannoof modeela taateetti. Biyya akka Itoophiyaa mancaatiin bosonaa mudatuti hojiin Haalimaa salphaa hin turre; ija jabina naamusaa fi cimina guddaa gaafata ture. Amma garuu wanti hundi jijjiirameera jetti Haalimaan. Biqiltoonni isheen dhaabde guddachuu fi naannoon ishee magariisa ta'aa dhufuun, warri jalqaba abdii kutachiisuuf yaalan illee hojii cimaa fi kutannoo ishee akka dinqisiifatan ibsiteetti. Haalimaaf biqiltuun isheen dhaabdu muka ofii isaatii irra darbee hiika qaba; isaanis hiriyyoota ishee dhiyootiin akkasumas qormaata hawaasa ishee addunyaa irratti jijjiirama qilleensaaf saaxilamoo ta’an keessaa tokko ta’eef furmaata ta’anii ilaalamu. Akkuma ‘The Guardian’ gabaasetti; Itiyoophiyaan babal’ina qonnaa, biqiltuu qoraaniif oolan fi itti fayyadama cileef irraa kan ka’e uwwisa bosona ishee bal’aa dhabdeetti. Kunis heddummina lubbu qabeeyyii, gabbina biyyee fi qabeenya bishaanii irratti miidhaa guddaa kan geessise yoo ta’u, balaawwan haala qilleensaatiin walqabatan hammeesseera. Inishiyeetiiwwan hedduu mootummaan Itiyoophiyaan eegalte keessaa tokko kan ta’e Ashaaraa Magariisaan, jijjiirama qilleensaa fi mancaatii bosonaa hir’isuu keessatti gahee olaanaa taphateera. Gabaasni kun akka mul’isutti waggoota torban darban keessatti biqiltuun biiliyoona 48 ta’u sagantaa kanaan dhaabameera, kan amma jiru osoo hin dabalatiin jechuudha. Ollaan Haalimaa Faxee Abdullaahi milkaa’ina Haalimaa erga argitee booda eegumsa naannoo irratti hirmaattetti. Isheenis nuti akka hin dogoggorre nutti agarsiifte jechuun Haalimaa jajuun, rakkoon furmaata biyya keessaatiin rakkoo addunyaa furuun furuun akka danda’amu agarsiisuudhaan fakkeenya taatee jirti jette. Hawaasni Oromoo daa’ima nama biraa irraa dhalate abbaa fi haadha uumamaa ykn walitti dhufeenya dhalootaa tokko malee fudhachuun akka dhala ofiitti guddifachuun, akka ilmoo ofiitti guddisee, faayidaa dinagdee fi hawaasummaa isaa eeguun aadaa qaba. Ummanni Oromoo biqiltuu akka ilmoo isaatti ilaala. Haalimaan duudhaa kana irraa ka’uun biqiloota dhaabuun kunuunsuun akka ishee gargaare ibsiteetti. Akkasumas walitti dhufeenya ijoollee ishee waliin qabdu miira haadhummaa waliin walqabsiistee jirti. ''Akkuma aadaa keenya keessatti ijoollee guddifnu, biqiltuus akka ijoollee kootti nan ilaala,'' jetteetti. Naannoo hanqinni bishaanii hamaan jiru keessa kan jiraattu Haalimaan gara sa'aatii tokkoo deemtee biqiltuu ishee bishaan obaasti. Ilmi Haalimaa ganna 13, Anwaar Hasan, haadha isaatti akka boonu ibsuun, kaayyoo ishee hordofuu akka barbaadu dubbata. Jijjiirama qilleensaa ittisuuf umurii guutuu waadaa galuu akka barbaadus himeera. Maatiin fi dubartoonni kumaatamaan lakkaa’aman ganda naannoo sana jiranis sagantaa biqiltuu dhaabuu kana irratti hirmaataniiru. Akka qorattoonni naannoo fi ogeeyyiin jedhanitti, gosoonni mukaa dhalootaan maatii fi dhaabbilee adda addaatti raabsaman hedduun isaanii guddataniiru. Naannolee gammoojjii fi haala qilleensaaf miira qaban keessatti tattaaffiin kun hawaasni jijjiirama qilleensaa caalaatti akka dandamatu gargaaruu danda’a. Qindeessaan Sagantaa Biyyaalessaa ‘REDD+’ Misooma Bosonaa Itiyoophiyaa Doktar Xibabuu Mogas sagantaa dhaabbii biqiltuu hanga ammaatti milkaa’inni guddaan argame badda dareetti ta’uu dubbatu. Itiyoophiyaan jijjiirama qilleensaa ittisuuf kutannoon hin raafamne akka biyyaattis ta’e idil-addunyaatti guddachaa fi babal’achaa dhufeera. Miidiyaa Dijitaalaa ENA hordofaa- https://www.ena.et/web/links
Raaga haala Qilleensaa bal'inaan dhaqqabamaa taasisuun qophii gahaan akka jiraatuuf dhiheenyaan hojjetamaa jira
Sep 18, 2026 1790
Fulbaana 8/2019 (ENA) Odeeffannoo raaga haala qilleensaa bal'inaan dhiyeessuun qophii fi offeeggannoo duraa akka jiraatuuf dhiyeenyaan hojjetamaa jiraachuusaa Inistitiyuutiin Meetiroloojii Itoophiyaa beeksise. Inistitiyuutichi gamaggama haala qilleensa gannaa fi raaga haala qilleensa bonaa fuulduraa hirmaannaa qooda fudhattootaatiin Adaamaatti gaggeessaa jira. Daarektarri Olaanaan Inistitiyuutichaa Dr.Faxxanaa Tashoomaa akka jedhanitti, Inistitiyuutichi misoomawwan hawaasummaafi dinagdee biyyaattif faayidaa kan qaban raaga haala qilleensaa yeroo gabaabaa fi dheeraa yeroosaa eeggatee dhiyeessuun gaheesaa ba'achaa jira. Odeeffannoon kunneen keessattuu dameelee Qonnaafi misooma jallisiif, Bulchiinsa qabeenya bishaaniif, hir’ina sodaa balaatiif,Aviyeeshinii fi geejibaatiif ,Barnootaafi fayyaaf gaggeesuuf murteessaa ta’uusaanii ibsaniiru. Akkasumas,odeeffannoo haala qilleensaa yeroosaa eeggatee fi amansiisaa ta'e uummataafi qooda fudhattootaaf dhiyeessuun misoomaa fi guddina biyyaatiif murteessaa ta'uu isaafi hojiin kun cimee kan ittifufu ta'uu ibsaniiru. odeeffannoo raaga haala qilleensaa yeroodhaan dhiyeessuun qophii fi deebii sirrii kennuuf kan gargaaruudhas jedhan. Qooda fudhattoonnis odeeffannoo kanatti fayyadamanii tarkaanfii qophiitiif akka itti fayyadaman waamicha dhiyeessaniiru. Gara biraatiin, raaga haala qilleensa Bonaa kan dhiyeessan Itti Aanaa Daarektara Inistitiyuutichaa Dr.Asaamminnoo Tashoomaa akka ibsanitti,Bona dhufu kanatti naannowwan horsiise bulaatti haalli qilleensaa misooma qonnaatiif mijaawaa ta'ee fi roobni gaariin akka jiraatu ibsaniiru. Naannoowwan kunniin rooba kana jalqaba baatii Onkololeessaatii jalqabanii kan argatan ta'uun ibsameera. See less
Gabaasa addaa
Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti - Itti aanaa Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa
Jun 9, 2026 21938
Waxabajji 2 /2018 (ENA): Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti jedhani itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan muummee ministiraa Pirojektoota misoomaa adda addaa magaalaa Woldiyaatti ijaaraman eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Yeroo eebba kanaatti pirojektoonni misoomaa eebbifaman imala biyyattiin gara fuulduraatti taasiftu kan agarsiisan yoo ta’u, guddinni Itiyoophiyaa eenyullee dhaabuu akka hin dandeenye kuni ragaadha jedhan. Itti aanaan ministira muummee kun ummanni magaalaa Woldiyaa finxaaleyyii fi qoqqoodinsa mormuudhaan kan beekamu ta’uu ibsuun, filannoon isaanii irra deddeebiin nagaa fi mootummaa cimaa ta’uu isaa kan argisiisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan baandota irratti qabsaa’aa jira jedhani. Waggoota 50 fi 60 darbaniif warri yaada dulloomaatiin qabaman guddina ariifataa biyyattii hubachuu akka hin dandeenyes ibsaniiru. Warri bosona keessa jiran jijjiirama guddaa biyyatti dhufe kan akka misooma koridarii, maaddii guutuu, pirojektoota misoomaa fi oomisha qamadii arguu akka hin dandeenye dubbataniiru. Misoomni koridarii magaalota keessatti gaggeeffamaa jiru dhimma bareedinaa qofa osoo hin taane magaalota ammayyeessuun sadarkaa jireenyaa ummataa ol kaasuuf kaayyoo ta’uu ibsaniiru. Magaalonni Itiyoophiyaa magaalota Baha Afriikaa fi addunyaa waliin dorgomuu akka qaban ibsaniiru; akkasumas tajaajila ammayyeessuuf tajaajilli giddugala tokkoo guutuu biyyattiitti babal’achaa akka jiru hubachiisaniiru. Manneen kitaabaa ummataa, manneen kitaabaa dijitaalaa fi kaffeewwan saayinsii magaalaa Woldiyaatti ijaaraman odeeffannoo guyyaa guyyaa irraa gara beekumsaa fi qorannoo gadi fagootti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan, abbootii qabeenyaa fi ummanni pirojektoota misoomaa eegalaman gara baadiyyaatti babal’isuun badhaadhina biyyattii dhugoomsuuf waliin hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 19034
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.