ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Tarsiimoon misooma magariisaa Itiyoophiyaan damee hundaan guddina saffisiisuun milkaa’ina argamsiisaa jira
Jun 17, 2026 58
Waxabajjii 10/2018 (ENA): Tarsiimoon misooma magariisaa Itiyoophiyaan damee hundaan guddina saffisiisuun milkaa’ina argamsiisaa jira jedhan hoji gaggeessaan olaanaa Koorporeeshinii Misooma Paarkii Industirii Dr. Fissahaa Yittaagasuu. Dhaabbanni Tajaajila Elektirikaa Itiyoophiyaa Korporeeshinii Misooma Paarkii Industirii waliin ta’uun yeroo ammaa buufata chaarjii konkolaataa elektirikii guddaa Zoonii Diinagdee Addaa Qilinxoo keessatti ijaarame eebbisaa jira. Sagantaa kanarratti De’eetaan Ministeera Geejjibaa fi Loojistikii Bara’oo Hasan, hoji gaggeessaan olaanaa dhaabbata elektirikaa Itiyoophiyaa Injinar Geetuu Garramaa fi keessummoonni affeeraman biroon argamaniiru. Hojii gaggeessaan olaanaa Koorporeeshinii Misooma Paarkii Industirii Dr. Fissahaa Yittaagasuu buufanni chaarjii konkolaataa elektirikaa kan yeroo isaa eeggatee fi barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. Kunis qaama imaammata diinagdee magariisaa Itiyoophiyaan hordofaa jirtu ta’uu hubachiisaniiru. Daandiin misooma magariisaa Itiyoophiyaa damee hundaan guddina saffisiisuun milkaa’ina argachaa jiraachuus hubachiisaniiru. Kanneen keessaa tokko konkolaattota elektirikaa ta’uu ibsuun, gara fuulduraatti fedhii konkolaattota elektirikaa guutuuf buufataaleen chaarjii babal’achuu akka qaban hubachiisaniiru. Buufatni chaarjii konkolaataa elektirikii har’a eebbifame tarkaanfii yeroo murteessaa ta’etti fudhatamedha jedhan. Kunis faalama qilleensaa kan dhabamsiisu ta’uun cinatti faayidaa olaanaa qaba jedhani. Dhaabbileen kunneen walitti dhufeenya cimaa akka qaban ibsuun; waliin hojjechuu isaaniis itti fufuu isaanii mirkaneessaniiru. #TOI #ENA Afaan Oromoo #
Qoodni adda duree Itiyoophiyaan konkolaattota Elektiriikiirratti bahachaa jirtu bu’ura amansiisaarra dhaabachaa jira
Jun 17, 2026 53
Waxabajjii 10/2018 (ENA) - Qoodni adda duree Itiyoophiyaan konkolaattota Elektiriikiirratti bahachaa jirtu bu’ura amansiisaarra ijaaramaa akka jiru de’eetaan ministiraa geejjibaa fi lojistiksii Bari’oo Hasan ibsan. Buufanni konkolaataan Elektiriikii chaarji itti ta’u kan tajaajilli elektiriikii Itiyoophiyaa korporeeshinii misooma paarkiiwwan industirii waliin ta’uun zoonii dinagdee addaa eebbisiiseera. De’eetaan ministiraa geejjibaa fi lojistiksii Bari’oo Hasan wayita kana ergaa dabarsaniin, Itiyoophiyaan buufataalee konkolaattonni elektiriikii chaarjii itti guuttatan babal’isaa jirti. Yeroo ammaa buufataaleen konkolaattonni Elektiriikii chaarii itti guuttana si’ataa ta’an bal’inaan ijaaramaa jiraachuu eeraniiru. Itiyoophiyaan hojiirra oolamaa jijjiirama haala qilleensaaf deebii kennaa akka jirtus eeraniiru. Buufanni kun akka dhugoomu qaamolee gumaacha taasisaniin galateeffataniiru.
Manni Maree Naannoo Hararii (Kaabineen) fooyya'iinsa baajata raggaasise
Jun 17, 2026 83
Waxabajjii 10/2018 (ENA): Manni Maree Naannoo Hararii (Kaabineen) raawwii karoora ji’oota 11 bara baajataa 2018 bu’uura godhachuun fooyya’iinsa baajata isaaf dhiyaate walgahii idilee isaa irratti raggaasiseera. Kaabineen Naannichaa fooyya’iinsa baajata Birrii miiliyoona 301 fi kuma 693 fi 178 Biiroo Maallaqaa fi Tumsa Diinagdee naannichaatiin dhiyaate irratti mari’atee raggaasiseera. Fooyya’iinsi baajataa kun pirojektoota raawwii fiizikaalaa fi faayinaansii gadi aanaa qaban adda baasuun dhimmoota faayidaa diinagdee fi hawaasummaa olaanaa qabaniifi hanqina baajataaf akka oolu himama. Yeroon bara baajataa hafe pirojektoota raawwii gadi aanaa qaban adda baasuun gamaaggamuun hojiiwwan dursa kennaniif akka oolus hubatameera. Kaabinichis fooyya’iinsa baajataa itti dhiyaates sagalee guutuun raggaasiseera. Kaabineen naannichaas dhimmoota adda addaa irratti mari’atee kallattii kaa’uu odeeffannoon ENA’n komunikeeshinii naannichaa irraa argate ni mul’isa. #TOI #ENA Afaan Oromoo #
Tajaajilli Elektiriikii Itiyoophiyaa ijaarsa dinagdee magariisaa si’achiisuuf qoodasaa bahachaa jira
Jun 17, 2026 56
Waxabajjii 10/2018 (ENA)- Tajaajilli Elektiriikii Itiyoophiyaa ijaarsa dinagdee magariisaa biyyattii si’achiisuuf qoodasaa bahachaa bahachaa akka jiru hojii raawwachiisaan dhaabbatichaa injiinar Geetuu Garramoo ibsan. Tajaajilichi korporeeshinii misooma paarkiiwwan industirii waliin ta’uun kan ijaarsise buufata konkolaataan elektiriikii chaargii itti guuttatu isa guddicha hojii eegalchiiseera. De’eetaan ministiraa geejjibaa fi lojistiksii Bari’oo Hasan, hojii raawwachiisaa olaanaan korporeeshinii paarkiiwwan industirii Dr. Fissahaa Yittaagasuu, dabalatee hooggantoonni mootummaa olaanoo fi keessummoonni waamaman saganticharratti argamaniiru. Hojii raawwachiisaan olaanaa tajaajila elektiriikii Itiyoophiyaa Injiinar Geetuu Garramoo wayita kana, dhaabbatichi tarsiimoo dinagdee magariisaa dhaabbatichi akka biyyaatti qabame bu’ureeffachuun dhiheessii anniisaa amansiisaa dhiheessaa akka jiru eeraniiru. Buufanni konkolaataa elektiriikii chaarjii godhu gud dichi si’ataan har’a eebbifame pirojektii tajaajilichaa kan afraffaa ta’uu ibsaniiru. Fuulduras kutaalee biyyattii garagaraatti bu’ura misoomaa kana babal’isuuf karoorfamuu dubbataniiru. Keessumaa toora daldalaa isa guddicha kan ta’e kooriidara Itiyoo-Jibutiitti buufataalee konkolaataa elektiriikii chaarji godhan 16 ijaaruuf yeroo ammaa hojiin diizaayinii hojjetamaa akka jiru eeraniiru.
Atileetota lafaa dhufeeyyii filachuu fi hordofuuf sirna dijitaalaatti fayyadamuun xiyeeffannoon kennameera
Jun 17, 2026 85
Waxabajjii 10/2018 (ENA): Federeeshiniin Atileetiksii Itiyoophiyaa sirna dijitaalaa haaraa ataileetota lafaa dhufeeyyii filachuu fi hordoffiif tajaajilu dhaabbataadhaan hiiku hojiirra oolchuuf hojjechaa jiraachuu beeksise. Akkasumas, teeknooloojiin dijitaalaa dhimmoota umurii wajjin walqabatan furuu keessatti gahee olaanaa akka qabu agarsiiseera. Itiyoophiyaan biyya atileetota gootota taate, injifannoo ijoolleen ishee galmeessisaniin maqaa ishee beekamtii fi alaabaa ishee dirree addunyaa irratti ol kaasaa jirti. Haa ta'u malee yeroo dhiyoo asitti bu'aan eegamu gama atileetiksiitiin galmaa'uu dhabuun isaa ni himama. Milkaa’ina atileetiksii idil-addunyaa Itiyoophiyaa eegsisuuf jecha atileetota itti aanan oomishuun dhimma xiyyeeffannoo argachuu qabu ta’uun isaa ifaadha. Hojii gaggeessaan olaanaa Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaa Dr. Amansiisaa Kabbadaa ENA waliin turtii taasisaniin akka himanitti, milkaa’ina itti fufiinsa qabu damichaa mirkaneessuuf atileetota dargaggoota irratti xiyyeeffachuun hojii hin hafnee fi murteessaa ta’uu ibsaniiru. Kanaaf Federeeshiniin Atileetiksii atileetota itti aanan bu’a qabeessa ta’anii fi biyyaaf ulfina fidan oomishuuf tooftaalee adda addaa qopheessaa fi hojiirra oolchaa akka jiru akeekaniiru. Federeeshinichi pirojektoonni akka biyyaatti hordofu sirna madaallii wal irraa hin cinne akka hordofan hojii jalqabuu isaa, akkasumas bu’a qabeessummaan pirojektootaa guddifamee atileetota dargaggoota oomishuuf akka ta’e hubachiisaniiru. Sirni haaraan kun rakkoolee adeemsi madaallii gaarii hin taanee fi pirojektoota keessatti deeggarsa maallaqaa yeroodhaan argachuu dhabuun mul’atu fureera jechuun hubachiisaniiru. Pirojektoota keessatti atileetota dargaggootaa itti dhiyeenyaan hordofuu fi atileetota gahumsa qaban oomishuuf sirni dijitaalaa hojiirra oolaa jiraachuu akeekaniiru. Sirni dijitaalaa kun keessumaa gufuulee umuriin walqabatan sirreessuun atileetiin tokko umurii isaaf malu irraa akka hirmaatu kan taasisu ta’uu ibsaniiru. Sirni dijitaalaa kun guutumaan guututti hojirra yommuu oolu dargaggoota atileetota gahumsa qaban akka dorgomanii fi biyya bakka bu’an jajjabeessuu keessatti ga’ee ol’aanaa qaba jedhaniiru. #TOI #ENA Afaan Oromoo #
Siyaasa
Hojiiwwan misooma, nageenyaa fi fedhii biyyaalessaa eegsisuun eegale cimsinee itti fufna - paartilee siyaasaa
Jun 16, 2026 1185
Waxabajjii 9/2018 (ENA) - Miseensonni mana maree waloo paartilee siyaasaa Naannoo Hararii hojiiwwan misooma biyyaa, nageenyaa fi fedhii biyyaalessaa eegsisuu cimsanii akka itti fufan beeksisan. Haalaa bu'ura seeraa Mana Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Itiyoophiyaa itti hundaa'een, dhimmoota gurguddoo biyyaalessaa fi naannoo irratti garaagarummaa jiru mariidhaan furuun, ajandaawwan waloo irratti waliin hojjechuun ijaarsa sirna dimokiraasii ta’ee fudhatama. Haaluma wal fakkaatuun Manni Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Naannoo Harariis dhimma misoomaa, nageenyaa fi fedhii biyyaalessaa irratti ejjennoo waloo calaqqisiisuunsaa, naannichatti aadaa siyaasaa fayyaalessaa fi walitti dhihaatu guddisuuf carraaqqii taasifamaa jiruuf agarsiistuu dha. Miseensota mana maree waloo keessaa bakka bu'aan Dhaabbata Dimookraasii Hararii (HADIID) Obbo Huseen Suleeymaan akka jedhanitti; paartilee gidduu garaagarummaan ilaalchaa yoo jiraates, misooma biyyaa fi naannoo akkasumas nageenyaaf hojiiwwan bifa tumsaatiin raawwatamaa jiran cimsanii akka ittifufan ibsaniiru. Keessattuu, carraaqqii gaaffiin Ulaa galaanaa Itiyoophiyaa deebii sirrii akka argatuuf tattaaffii taassifamuu fi pirojektoota gurguddoo biyyaalessaa biroo irratti ejjennoo wal fakkaataa kan qaban ta'uu isaanii Obbo Huseen cimsanii ibsaniiru. Humnoota nageenya biyyaa booressuu fi fedhii biyyaalessaa dhabsiisuuf gurmaa'anii socho'an paartiin isaanii dammaqinnaan hordofaa akka jiru kan eeran Obbo Huseen; humnoota kanneen ummata waliin ta'uun kutannoodhaan akka irratti qabsaa’an beeksisaniiru. Walitti qabaan Mana maree waloo paartilee siyaasaa naannoo Hararii fi bakka bu'aan Paartii tokkummaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa Hasannat Mummee gama isaaniitiin paartiin isaanii misooma, nageenyaa fi fedhii biyyaalessaa Itiyoophiyaa dursa kan kennuu fi gochawwan biyya diiganirratti kan qabsa’anidha. Nagaya fi misooma waaraa biyyaatiif garaagarummaa malee qindoominaan ni hojjanna, kan jedhan Aadde Hasanat, keessattuu hojii humnoota finxaaleyyii kan biyyaaf yaaddoo ta'an manni marichi dammaqinnaan hordofaa fi ejjennootiin kan qabsaoo ta'uusaanii dubbataniiru. Naannichatti paartilee dorgomtoota socho'an waliin walitti dhufuun fi mari'achuun misooma waaraa, nageenyaa fi guddina hunda galeessa naannichaa irratti paartiin isaanii qindoominaan hojjechaa jira kan jedhan immoo miseensa mana maree waloo fi bakka bu'aa EZEMA Maatileet Zawuduu ti. Humnoonni biyya jeequu fi fedhii biyyaalessaa dhabsiisuuf yaalan taateewwan darbe irraa kan hin barannee fi uummataaf kan hin yaadne ta'uu eeruun gocha kana irraa akka of qusatanii fi mariin walitti dhihaatanii dantaa uummataa mirkaneessuuf waliin hojjechuun akka irra jiru dubbataniiru. Naannichatti yeroo kamiyyuu caalaa dameewwan misoomaa adda addaa fi hojiiwwan dantaa biyyaa kabachiisan irratti garaagarummaa siyaasaa dhiisuun waliin hojjetamaa jira kan jedhan immoo, Paartii Badhaadhinaa Damee Naannoo Hararitti Daarektara Ijaarsa Aadaa Dimokiraasii Obbo Hasan Abdiiti. Misoomaa fi nageenya naannichaa mirkaneessuun biyyattii gara fuulduraatti tarkaanfachiisuuf hojii eegalame cimsanii akka itti fufanis dabalanii ibsaniiru.
Naannoo Oromiyaatti hidhattoonni duraanii karaa nagaatti deebi’an ajandaasaanii komishinii marii biyyaalessaa Itiyoophiyaaf kennan
Jun 16, 2026 498
Waxabajjii 9/2018 (ENA)- Naannoo Oromiyaatti hidhattoonni duraanii karaa nagaatti deebi’an ajandaasaanii komishinii marii biyyaalessaa Itiyoophiyaaf kennan. Hidhattoonni naannoo Oromiyaatti karaa nagaatti deebi’an waltajjii yaa’ii marii biyyaalessaa ajandaa walitti qabuu fi hirmaattota fo’achuu guyyoota lamaaf magaalaa Adaamaatti gaggeessaniiru. Hidhattonni duraanii hedduun karaa nagaatti deebi’an waltajjii ajandaa walitti qabuurratti argamaniiru. Hidhattoonni duraanii itti aantuu komishinata muummee marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa Hiirut G/Sillaaseef ajandaasaanii kennaniiru.
Itiyoophiyaan tekinoolojiidhaan deeggaramtee filannoo nagaa fi milkaa'aa Afriikaaf fakkeenya ta'u gaggeessuun ishee kan dinqisiifatamu dha
Jun 15, 2026 1810
Waxabajjii 8/2018 (ENA)- Itiyoophiyaan tekinoolojiidhaan deeggaramtee filannoo nagaa fi milkaa'aa Afriikaaf fakkeenya ta'u gaggeessuun ishee kan dinqisiifatamu ta'uu Itiyoophiyaatti Ambaasaddarri Hindii Aniil Kumar Rayi ibsan. Itiyoophiyaan caamsaa 24 bara 2018 filannoo walii galaa dhabileen Ardii fi Riijinii kanneen akka Gamtaa Afriikaa (AU) fi IGAD taajjabdoota filannoo bobbaasuun filannoo walabaa fi dimokiraatawaa ta'uu isaa mirkaneessan gaggeessuun ishee ni yaadatama. Tajjabdoonni biyya keessaas filannoo kanaan keessatti kan hirmaatan yoo ta'u, mana maree Dhaabbilee Hawaasa Siivilii Itiyoophiyaa dhaabbilee 55 of keessatti qabatu, filannoon walii galaa 7ffaan hirmaachisaa, walabaa fi dimokiraatawaa ta'uu isaa taajjabuusaanii ibseera. Boordiin Filannoo biyyaalessa Itiyoophiyaa, dhaabbileen nageenyaa, haqaa fi dimookiraasii filannichi loogiirraa bilisaa fi dandeettii dhaabbataan/gahumsa/ akka gaggeeffamu gochuu isaanii taajjabuu mirkaneessaniiru. Itiyoophiyaatti Ambaasaddarri Hindii Aniil Kumar Rayi ENA waliin turtii taasisaniin, Ummatni fi Mootummaan Itiyoophiyaa filannoo guutuu milkaa'aa ta'e gaggeessuu isaanii ibsaniiru. Ministirri Muummeen Dr. Abiyyi Ahimad filannoon dura filannoo hirmaachisaa ta'e gaggeessuuf haala waadaa galaniin, mootummaan dimokiraasummaa filannichaaf qophii duraa irraa kaasee haala mijeessuusaa dinqisiifataniiru. Filannicha Itiyoophiyaanonni hedduun sagalee isaanii kan kennan, hirmaannaa ho’aan dubartootaa fi dargaggootaa kan itti mul'ate ta’uu ibsaniiru. Dhaabbileen akka Gamtaa Afriikaa fi IGAD taajjabdoota filannoo bobbaasuun filannichi nageenyaa fi haqa qabeessa ta'uu mirkaneessuun isaanii dimokiraatawaa ta'uu isaa kan agarsiisu ta’uu raajeffachuun ibsaniiru. Itiyoophiyaan galmee kaadhimamtootaa fi filattootaa irraa kaasee teknoolojiidhaan deeggaramee, filannoo walaba, nagayaafi dimokiraatawaa Afriikaaf fakkeenya ta'u gaggeessuu dandeeyseettijedhaniiru. Dhumarratti Ambaasaddarichi , dhimmi Afriikaa Afriikaanotaan furamuu qaba, jechuun kanaafis, filannoo Itiyoophiyaa keessatti taajjabdoonni Gamtaa Afriikaa fi IGAD bobba'uun isaanii agarsiiftuu ta’uu ibsaniiru.
Garaagarummaa fi gaaffii qaban karaa nagaa dhiyeessuun agarsiiftuu qaroominaati dha- Koomishinara Olaanaa Piroofeesar Masfin Ara’ayaa
Jun 15, 2026 1582
Waxabajjii 8/2018 (ENA): Garaagarummaa fi gaaffii qaban karaa nagaa dhiyeessuun agarsiiftuu ogummaa qaroominaati jedhan Komishinarri Olaanaan Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Piroofeesar Masfin Ara’ayaa. Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa hidhattoota duraanii Mootummaa Naannoo Oromiyaa keessatti hidhatanii booda karaa nagaa hawaasatti makaman waliin marii Adaamaatti gaggeessaa jira. Haasaa baniinsaa isaanii keessatti Komishinarri Olaanaan Komishinichaa Piroofeesar Masfin Ara’ayaa hidhattoonni duraanii nagaaf dursa kennuu fi daandii nagaa filachuun deebi’uu murteessuu isaanii galateeffataniiru. Garaagarummaa fi gaaffii qaban karaa nagaa dhiyeessuun qaroomina ogummaa kan mul’isu ta’uu ibsuun, waliigaltee biyyaalessaa waaraa biyyattii keessatti uumuuf filannoo karaa nagaa ta’uu ibsaniiru. Komishinichi konfiraansii marii biyyaalessaa isa guddaa Adoolessa 8, 2018 irraa eegalee akka gaggeessu beeksiseera. Kanaafis konfiraansii marii biyyaalessaa guddichi akka gaggeeffamuuf adeemsa marii hirmaachisaa fi hunda hammatee ajandaa uumuu fi marii hirmaachisaa marsaa adda addaatiin raawwachuun isaa ni beekama. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Hirmaannaa Marichaaf Waamicha Dhiyeesse
Jun 15, 2026 1134
Waxabajjii 8/2018 (ENA): Komishiniin Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa konfiraansii marii xumuraa Adoolessa 8/ 2018 irraa eegalee kan gaggeeffamuuf lammiileen biyyattii hundi akka isa cinaa dhaabbatuuf waamicha dhiyeesse. Seenaa biyya keenyaa keessatti yeroo jalqabaatiif komishinichi dhimmoota Itiyoophiyota guutuu Itiyoophiyaa fi biyya alaa jiran dhimmoota wal dhabsiisu irraa walitti qabuun, walii galtee waaraarra gahuuf yaada galtee walitti qabaa turuun isaa ni yaadatama. Ajandaawwan kanneen irratti yaada sadarkaa biyyaatti kan qopheessu Yaa’iin Marii Biyyaalessaas Adoolessa 8, 2018 irraa eegalee Finfinneetti konfiraansii marii biyyaalessaa gaggeessuuf qophii xumureera. Kanaaf komishinichi lammiileen Itiyoophiyaa hundi taatee seena qabeessa kana deeggaruun itti gaafatamummaa biyyaalessaa akka bahatan waamicha dhiyeesseera. Komishinichi bakka bu’oonni hawaasaa fi qooda fudhattoonni filataman walgahii milkaa’aa fi bu’a qabeessa ta’e mirkaneessuuf qophii barbaachisu hunda akka taasisanis dhaameera. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Manni Maree Waloo Paartilee Siyaasaa Milkaa'ina Marii Biyyaalessaatiif Deeggarsa taasisu cimsee itti fufa
Jun 12, 2026 3970
Waxabajjii 5/2018 (ENA): Manni Maree waloo Paartilee Siyaasaa Itiyoophiyaa keessatti waliigaltee biyyaalessaa nageenyi isaa mirkanaa’e fi sirna dimokiraasii cimaa ijaaruuf murteessaa ta’e, milkaa’ina isaaf deeggarsa taasisu cimsee itti fufa jedhan walitti qabaan Mana Marichaa obbo Salamoon Ayyalaa. Komishiniin marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa dhaabbata walabaa Labsii Lakk. 1265/2014’n kan hundaa’e yoo ta’u, nageenya waaraa biyyattii keessatti buusuuf hojjechaa jira. Hanga ammaatti aanaa irraa eegalee hawaasa guutuu, paartilee siyaasaa, waldaalee siivikii, hayyootaa fi qooda fudhattoota hunda hirmaachisuun hojii ijaarsa ajandaa bal’aa raawwateera. Dhaabbatichi yeroo ammaa kana ajandaawwan qindaa’an kanaan gara marsaa barbaachisaa itti aanutti ce’uuf, yeroo dhiyootti konfiraansii biyyaalessaa guddicha gaggeessuuf qophii xumuraa isaa xumuree jira. Walitti qabaan Mana Maree waloo Paartilee Siyaasaa Itiyoophiyaa obbo Solomoon Ayyalaa marii biyyaalessaa eegalame waliigaltee biyyaalessaa uumuu fi misooma mirkaneessuu keessatti gahee addaa qaba jedhan. Biyyattiin gufuuwwan jaarraa hedduuf turan irraa gara misoomaa marsaa haaraatti ce’uuf mariin biyyaalessaa murteessaa ta’uu hubachiisuun, kanaaf filannoo guddaa fi amanamaa ta’uu akeekaniiru. Manni Maree Waliinii adeemsa marii kanarratti dammaqinaan hirmaachuu bira darbee ajandaawwan biyyaalessaa paartilee siyaasaa irraa walitti qabaman marsaa lamatti Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaaf dhiyeessuu isaa himaniiru. Rakkooleen yeroo dheeraaf Itiyoophiyaanota gidduutti waliigaltee dhabuu uume, konfiraansii marii biyyaalessaa guddicha, kan yeroo dhiyootti ni gaggeeffama jedhamee eegamu irratti, dhaabbataadhaan akka furamu amantaa guutuu akka qabanis ibsaniiru. Filannoo waliigalaa bara 2018 fi milkaa’ina marii biyyaalessaa hordofuun Manni Maree Waloo Paartilee Siyaasaa karoora addaatiin hundeeffamuu isaa kan ibsan obbo Salamoon, komishinichi itti gaafatamummaa guddaadhaan sadarkaa kanarra ga’uu isaatiif dinqisiifannaa qaban ibsaniiru. Paartileen walitti dhufeenya hojii dhiyeenyaa fi itti gaafatamummaa biyyaalessaa komishinicha waliin qaban cimsanii akka itti fufan kan akeekan yoo ta’u, yeroo murteessaa kanatti hubannoo waloo bu’uura kaa’uuf carraa ta’uu hubachiisaniiru. Akkasumas, Manni Maree Waloo adeemsa biyyaalessaa seena qabeessaa fi abdachiisaa ta’e kana dammaqinaan deeggaruun, biyyattiin siyaasa hirmaachisaa hin taane hudhee biyya qabaa kan ture irraa gara marsaa haaraa tasgabbii fi ijaarsa sirna dimokiraasiitti akka ceetuuf gumaacha taasisa jedhan. #ENA_Afaan_Oromoo #TOI #ENA
Pirezidaanti Taayye Atsqasillaasee Ambaasaddaroota biyyoota lamaan yeroo hojii isaanii xumuran gaggeessan
Jun 10, 2026 4897
Waxabajjii 3/2018 (ENA)- Pirezidantiin Riippabilika Dimookiraatawaa Federaala Itiyoophiyaa Taayye Atsqasillaasee, ambaasaddara Luksembargi Itiyoophiyaa turan ZyaanKiraawuzarii fi ambaasaddora Emireetota Araba Gamtoomanii Mohaammad Saaleem Alraashiidii hojii isaanii xumuran gaggeessaniiru. Hariiroon dippilomaasii firii qabeessaa fi milkaa'aan biyyoota kanneen gidduu jiru cimee akka ittifufu ibsameera. Ambaasaddarri Luksembargi Itiyoophiyaatti turan ZyaanKiraawuzari yaada isaanii ENA’f kennan, yeroo turtiisaaniitti hojiiwwan tumsa dippilomaasii biyyoota lamaanii cimsan hojjechuusaanii dubbataniiru. Hojiiwwan tumsa dinagdee Itiyoophiyaa fi Luksembarg gara sadarkaa olaanaatti ceesisuuf hojjetamanis milkaa'aa akka turan kaasaniiru. Kanaanis, sagantaa leenjii dandeettii ogummaawwan faayinaansii fi dinagdee gabbisu qopheessuun, biyyoota lamaan gidduutti wal-jijjiiraan muuxannoo bu'a qabeessi taasifamuu isaa ibsaniiru. Michummaan cimaan biyyoota lamaanii gara fuulduraattis dameewwan tumsa dinagdee magariisaa fi misooma faayinaansiitiin cimee akka ittifufu amantaa qaban ibsaniiru. Fooyya'iinsi dinagdee gooroo Itiyoophiyaa xiyyeeffannoo kaampaaniwwan Luksembargi hawwachuun abdii guddaa kan kennu ta'uus dubbataniiru. Kaampaaniiwwan Luksembargis adeemsa jijjiirama carraawwan gabaa fi invesitimentii Itiyoophiyaa ilaaluun hirmaannaa isaanii akka guddisan dhaamsa dabarsaniiru.
Manni maree bakka bu’oota ummataa boru wal gahii idilee ni gaggeessa
Jun 10, 2026 3787
Waxabajjii 3/2018 (ENA)-Manni maree bakka bu’oota ummataa 6ffaa bara hojii wagga shanaffaa walgahii idilee 25ffaa akka gaggeessu beeksise. Wal gahii kanaanis, ibsa bajataa wixinee bajataa bara bajataa 2019 ilaalchisuun ministirri maallaqaa Ahimad Shidee dhiheessan irratti ni mari’ata. Marii Kanaan boodas labsii wixinee bajataa koree dhaabbataa dhimmoota pilaanii, bajataa fi fayinaansiif akka qajeelchu ni eegama jedhamuusaa odeeffannoon mana marichaa ni mul’isa.

Hawaasummaa
Naannoo Hararitti tajaajila tola ooltummaa Ganna bara kanaa irratti pirojektoonni misoomaa birrii miiliyoona 200tti tilmaamamu ni hojjetamu
Jun 17, 2026 63
Waxabajjii 10 /2018 (ENA): Biiroon Dubartoota, Daa’immanii fi Dargaggoota naannichaa tajaajila tola ooltummaa Ganna bara kanaa irratti pirojektoonni misoomaa Birrii miiliyoona 200tti tilmaamamu Naannoo Hararitti akka hojjetamu beeksise. Itti Aantuun Hoggantuu Biiroo Dubartoota, Daa'immanii fi Dargaggoota Naannichaa Aadde Maftuhaa Aliiy yaada ENA’f kennaniin akka himanitti, hojii tola ooltummaa ji'oota Gannaa naannichatti hojjetamaa tureen bu'aa hedduun galmaa'uu ibsaniiru. Haala kanaan dargaggoonni deggersaa fi tumsaan guddinni argamuu akka danda’amu qabatamaan agarsiisuu danda’aniiru jedhani. Tajaajila tola ooltummaa Ganna bara kanaa naannichatti kennamu irratti dargaggoonni tilmaamaan kuma 47 akka hirmaatan ibsuun kunis kan bara darbee akka caalu dubbatani. Lakkoofsi dargaggoota tola ooltota tajaajila tola ooltummaa kanarratti hirmaatan waggaa waggaan dabalaa akka jiru himaniiru. Naannichatti ji’oota Gannaa dhaabbii biqiltuu, gargaarsa nyaataa, tajaajila fayyaa, barnoota sirreeffamaa, arjooma dhiigaa, akkasumas haaromsaa fi suphaa manneen namoota harka qalleeyyii ta’an dabalatee dameelee 14 keessatti tajaajilli tola ooltummaa ni raawwatama jedhan. Bara kana keessattuu ijaarsa, haaromsa, suphaa manaa namoota harka qalleeyyii naannichaaf gaggeessuuf karoorfamuu ibsaniiru. Bara kana tajaajila tola ooltummaa kanaan hojiin misoomaa Birrii miiliyoona 200tti tilmaamamu ni hojjetama jedhaniiru. #Abdii haa dhaabnu #TOI #ENA Afaan Oromoo #Ashaaraamagariisaa #GreenLegacy
Hojiiwwan tola ooltummaa garagaraa magaalaa Finfinneetti hojjetaman
Jun 17, 2026 84
Tola ooltummaan rakkoolee hawaasummaa, dinagdee fi naannawaa furuuf kan gargaaru hojii namoomaati. Magaalaa Finfinneetti sagantaaleen tajaajila tola ooltummaa baatii gannaa fi bonaa bocamanii tola ooltota, dureeyyii, dargaggootaa fi jiraattota magaalaa hirmaachisuun danda’ameera. Tola ooltonni humnasaanii, maallaqasaanii, yeroo fi beekumsasaanii akka gumaachan gochuuf tajaajiloota namoomaa garagaraa karaa qindaa’een hawaasaaf kennaa jiru. Tola ooltonni rakkoo uumamaa fi nam tolcheen uumamu, qormaataa fi haala rakkisaa keessatti adda durummaan qaqqabuudha. Sagantaawwan tola ooltummaa ijoon 15 ol magaalaa Finfinneetti bocamanii hojjetamaniin aadaa fi qaqqabummaan tajaajila tola ooltummaa guddachaa dhufeera. Hojiilee tola ooltummaa Kanaan hojiin tola ooltummaa birrii biiliyoona 55 tuqaa 7 ol raawwatamaniiru. Waggaa waggaadhaan jiddu galeessaan tola ooltota miiliyoona 2 tuqaa 6 ol hirmaachisuudhaan irra deddeebiidhaan kutaalee hawaasaa garagaraa miiliyoona 9 tuqaa 3 ta’an fayyadamoo gochuun danda’ameera. Hojiilee tola ooltummaa Finfinneetti hojjetaman keessaa sagantaa ijaarsa manaatiin maneen kuma 46 fi 441 ijaaramanii maanguddootaa fi kanneen biyyaaf oolmaa oolaniif kennamaniiru. Irra deddeebiidhaan namoonni miiliyoona 6 tuqaa 1 maaddii qooddataniiru. Sagantaa deeggarsa daa’immaniitiin daa’imman maatiisaanii dhaban kuma 2 fi 351 deeggarsa addaatiin fayyadamaniiru. Lammiileen kaffalanii waldhaanamuu hin dandeenye kuma 525 fi 531 tolaan waldhaanamaniiru. Dhiigni yuunitii kuma 354 fi 938 tola ooltotaan kan gumaachame yoo ta’u, barattoota kuma 632 fi 497’f barnoonni dabalataa fi deeggarsi leenjii taasifameera. Waggaa waggaan tola ooltonni kuma 20 ol nageenya tiraafika daandii, sagantaawwan tola ooltummaa ogummaa irratti hirmaatanii odeeffannoon waajjira kantiibaa ni mul’isa. Sagantaan tola ooltummaa duudhaa wal gargaarsaa fi wal deeggarsaa magaalattii keessa ture guddisuurra darbee lammiilee harka qalleeyyiif wabi ikan ta’e sagantaa namoomaati. See less
Yunivarsiitichi Hojii baruuf barsiisuun cinaatti hojiiwwan rakkoo hawaasaa furaniif xiyyeeffannoo kennee hojechaa jira
Jun 17, 2026 118
Waxabajjii 10 /2018 (ENA) -Yunivarsiitiin Madda Walaabuu hojii baruu fi barsiisuu cinaatti, rakkoolee hawaasa naannichaa furuuf hojiilee adda addaa raawwachaa jiraachuusaa beeksise. Yunivarsiitiin Madda Walaabuu abbootii amantii, abbootii Gadaa fi miseensota Poolisii Tiraafikaa Magaalaa Roobeerraa walitti babba’aniif waltajjii hubannoo uumuu balaa tiraafikaa hir’isuuf kaayyeffate gaggeesseera. Waltajjicharratti kan argaman Daayiretarri Qorannoo, Tajaajila Hawaasaa fi Ce’umsa Teeknoolojii Yuniversiitichaa Dr. Mahammad Jamaal akka ibsanitti, dhaabbatichi hojii baruu fi barsiisuun cinaatti hojiilee rakkina hawaasaa bu’uura godhatan irratti hojjechaa jira. Qorannoowwan ogeeyyii Yuniversiitichaan yeroo yeroon gaggeeffamanii yaada furmaataa dhiyeessan bu’uura godhachuun, bu’aa qorannichaa gara pirojektiitti jijjiiruun hawaasaan gahuuf xiyyeeffannoo guddaan hojjetamaa akka jirus yaadachiisaniiru. Keessattuu, balaa tiraafikaa naannichatti mudatu hir’isuuf leenjiiwwan hubannoo uumuu qooda fudhattootaaf kennamaniin bu’aan jajjabeessaan argamaa jiraachuu kan ibsan daayirektarichi, rakkoo kana furuuf leenjiin dandeettii raawwachiisummaa cimsu kun itti fufa jedhaniiru. Waltajjicharratti leenjii hubannoo uumuu kan kennan Dr. Geetaachoo Damisee dhimmicharratti yoo dubbataniin, leenjiiwwan walitti fufiinsa qaban poolisoota tiraafikaa ,Seera kabachiiftotaa fi qooda fudhattoota biroof kennaman balaa tiraafikaa hir’isuuf gumaacha guddaa akka taasisan ibsaniiru. Kanaafuu, qooda fudhatonni hubannoo argatanitti fayyadamuun balaa tiraafikaa naannoo isaaniitti miidhaa hawaasummaa adda addaatiif sababa tahe ittisuuf gahee isaanii akka bahan gaafataniiru. To’ataan Tiraafika Magaalaa Roobee itti aanaa Saajinii Ahimad Nagaash gama isaaniitiin, balaa kana ittisuuf carraaqqii taasifamu keessatti tumsa qooda fudhattootaa cimsuun alatti, hojiin to'annoo nageenya geejjibaas hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Hariiroon itti fufiinsa Yunivarsiitichi qooda fudhattoota biroo waliin eegale rakkoo kana hiikuuf deeggarsa guddaa akka tahe eeranii, milkaa'ina hojichaatiif konkolaachiftootaas ta'e lafoo deemtonni seera nageenya daandii kabajuun balaa irraa of eeguu akka qaban dhaamaniiru. Hirmaattonni waltajjichaa yaada kennaniin; yunivarsiitichi miidhaa balaan tiraafikaa geessisu hir’isuuf carraaqqii taasisaa jiru akka milkaa’uuf gahee fi itti gaafatamummaa isaanii akka bahan mirkaneessaniiru.
Miidiyaaleen amantaa oduu sobaa fi haasaa jibbiinsaa ittisuu keessatti gahee isaanii daran cimsuu qabu
Jun 16, 2026 440
Waxabajjii 9/2018 (ENA): Miidiyaaleen amantaa oduu sobaa fi haasawa jibbiinsaa ittisuu keessatti gahee isaanii daran cimsuu akka qaban Abbaan Taayitaa Miidiyaa Itiyoophiyaa ibseera. Abbaan taayitichaa oduu sobaa fi haasawa jibbiinsaa akka hin babal’anne waliin ta’uun ittisuuf Mana Maree Dhaabbilee Amantaa Itiyoophiyaa waliin waliigaltee mallatteesseera. Waliigaltee kana Daarektarri Olaantuu Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Itiyoophiyaa aadde Haymaanot Zallaqaa fi Barreessaa Olaanaa Mana Maree Dhaabbilee Amantaa Itiyoophiyaa Liqa Tiguhaan Qeesis Taagay Taddalaa waliin mallatteessaniiru. Jijjiirama kana hordofuun haala mijataa uumameen hanga ammaatti miidiyaaleen amantaa 51 eegalamuu isaanii Daarektarri Olaantuun Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Itiyoophiyaa aadde Hayimaanot Zallaqaa ibsaniiru. Dhaabbileen kunneen gamtaa, kabajaa fi ijaarsa duudhaalee Itiyoophiyaa irratti xiyyeeffachuun hojjechaa akka jiran ibsaniiru. Gama biraatiin waliigalteen kun qaamolee walitti bu’iinsa kakaasan fi duudhaale amantaalee gatii dhabsiisan ittisuu keessatti gahee olaanaa akka qabu ibsaniiru. Kanaafis, abbaan taayitichaa appilikeeshinii "EMA APP" (EMA APP) jedhamuu fi sarara bilbilaa bilisaa 9192 kan haasaa jibbiinsaa karaa miidiyaa dijitaalaatiin babal'ate gabaasuuf gargaaru jalqabuu isaa beeksiseera. Abbaan taayitichaa Miidiyaaleen seera hin kabajne itti gaafatamummaa akka qabaatan Mana Maree Dhaabbilee Amantaa Itiyoophiyaa waliin ta’uun kan hojjetu ta’uu ibsuun, kanaafis deeggarsi teeknikaa barbaachisaa ta’e akka taasifamu mirkaneesseera. Barreessaan olaanaa Mana Maree Dhaabbilee Amantaa Itiyoophiyaa Liqa Tiguhaan Qeesis Taagay Taddalaa gamasaaniitiin, waliigalteen kun miidiyaaleen amantaa akka fedha isaaniitti akka socho’an dandeessisuu fi tumsa dandeettii horachuu isaanii cimsuu irratti kan xiyyeeffate ta’uu ibsaniiru. Amantiin guddifamuu kan danda’u yeroo nageenyi jiru qofa ta’uu kan eeru Barreessaan Muummichaa kun, nagaa fi gamtaa waaraa ummatootaaf miidiyaaleen amantaa sadarkaa olaanaatti hojjechuu akka qabanis cimsanii dubbataniiru. #Abdii haa dhaabnu #TOI #ENA Afaan Oromoo #Ashaaraamagariisaa #GreenLegacy
Diinagdee
Qoodni adda duree Itiyoophiyaan konkolaattota Elektiriikiirratti bahachaa jirtu bu’ura amansiisaarra dhaabachaa jira
Jun 17, 2026 53
Waxabajjii 10/2018 (ENA) - Qoodni adda duree Itiyoophiyaan konkolaattota Elektiriikiirratti bahachaa jirtu bu’ura amansiisaarra ijaaramaa akka jiru de’eetaan ministiraa geejjibaa fi lojistiksii Bari’oo Hasan ibsan. Buufanni konkolaataan Elektiriikii chaarji itti ta’u kan tajaajilli elektiriikii Itiyoophiyaa korporeeshinii misooma paarkiiwwan industirii waliin ta’uun zoonii dinagdee addaa eebbisiiseera. De’eetaan ministiraa geejjibaa fi lojistiksii Bari’oo Hasan wayita kana ergaa dabarsaniin, Itiyoophiyaan buufataalee konkolaattonni elektiriikii chaarjii itti guuttatan babal’isaa jirti. Yeroo ammaa buufataaleen konkolaattonni Elektiriikii chaarii itti guuttana si’ataa ta’an bal’inaan ijaaramaa jiraachuu eeraniiru. Itiyoophiyaan hojiirra oolamaa jijjiirama haala qilleensaaf deebii kennaa akka jirtus eeraniiru. Buufanni kun akka dhugoomu qaamolee gumaacha taasisaniin galateeffataniiru.
Manni Maree Naannoo Hararii (Kaabineen) fooyya'iinsa baajata raggaasise
Jun 17, 2026 83
Waxabajjii 10/2018 (ENA): Manni Maree Naannoo Hararii (Kaabineen) raawwii karoora ji’oota 11 bara baajataa 2018 bu’uura godhachuun fooyya’iinsa baajata isaaf dhiyaate walgahii idilee isaa irratti raggaasiseera. Kaabineen Naannichaa fooyya’iinsa baajata Birrii miiliyoona 301 fi kuma 693 fi 178 Biiroo Maallaqaa fi Tumsa Diinagdee naannichaatiin dhiyaate irratti mari’atee raggaasiseera. Fooyya’iinsi baajataa kun pirojektoota raawwii fiizikaalaa fi faayinaansii gadi aanaa qaban adda baasuun dhimmoota faayidaa diinagdee fi hawaasummaa olaanaa qabaniifi hanqina baajataaf akka oolu himama. Yeroon bara baajataa hafe pirojektoota raawwii gadi aanaa qaban adda baasuun gamaaggamuun hojiiwwan dursa kennaniif akka oolus hubatameera. Kaabinichis fooyya’iinsa baajataa itti dhiyaates sagalee guutuun raggaasiseera. Kaabineen naannichaas dhimmoota adda addaa irratti mari’atee kallattii kaa’uu odeeffannoon ENA’n komunikeeshinii naannichaa irraa argate ni mul’isa. #TOI #ENA Afaan Oromoo #
Tajaajilli Elektiriikii Itiyoophiyaa ijaarsa dinagdee magariisaa si’achiisuuf qoodasaa bahachaa jira
Jun 17, 2026 56
Waxabajjii 10/2018 (ENA)- Tajaajilli Elektiriikii Itiyoophiyaa ijaarsa dinagdee magariisaa biyyattii si’achiisuuf qoodasaa bahachaa bahachaa akka jiru hojii raawwachiisaan dhaabbatichaa injiinar Geetuu Garramoo ibsan. Tajaajilichi korporeeshinii misooma paarkiiwwan industirii waliin ta’uun kan ijaarsise buufata konkolaataan elektiriikii chaargii itti guuttatu isa guddicha hojii eegalchiiseera. De’eetaan ministiraa geejjibaa fi lojistiksii Bari’oo Hasan, hojii raawwachiisaa olaanaan korporeeshinii paarkiiwwan industirii Dr. Fissahaa Yittaagasuu, dabalatee hooggantoonni mootummaa olaanoo fi keessummoonni waamaman saganticharratti argamaniiru. Hojii raawwachiisaan olaanaa tajaajila elektiriikii Itiyoophiyaa Injiinar Geetuu Garramoo wayita kana, dhaabbatichi tarsiimoo dinagdee magariisaa dhaabbatichi akka biyyaatti qabame bu’ureeffachuun dhiheessii anniisaa amansiisaa dhiheessaa akka jiru eeraniiru. Buufanni konkolaataa elektiriikii chaarjii godhu gud dichi si’ataan har’a eebbifame pirojektii tajaajilichaa kan afraffaa ta’uu ibsaniiru. Fuulduras kutaalee biyyattii garagaraatti bu’ura misoomaa kana babal’isuuf karoorfamuu dubbataniiru. Keessumaa toora daldalaa isa guddicha kan ta’e kooriidara Itiyoo-Jibutiitti buufataalee konkolaataa elektiriikii chaarji godhan 16 ijaaruuf yeroo ammaa hojiin diizaayinii hojjetamaa akka jiru eeraniiru.
Buna Jallisii boneen dabalataan misoomsuun fayyadamummaa dinagdee omishtootaa guddisuuf xiyyeeffannoon kennameera
Jun 16, 2026 990
Waxabajjii 9/2018 (ENA )- Naannoo Oromiyaatti oomisha bunaa yeroo idilee dabalataan bonaan jallisiin misoomsuun fayyadamtummaa dinagdee oomishtootaa guddisuuf xiyyeeffannoon kennamuu Biroon Qonnaa Naannichaa beeksise. Biirichi oomishaafi oomishtummaa buna naannichaa jallisiin babal'isuuf sagantaa leenjii hubannoo uumuu ogeessotaafi hoggantootaaf qopheesse Magaalaa Adaamaatti gaggeessaa jira. Itti-aanaan Hoogganaa Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Mahaammad Saanii ENA’tti akka ibsanitti; naannichatti inishiyaatiivii paakeejii misooma buna, muduraafi mi'eessituu haaraa bocamee hojiirra oolaa jira. Oomishtummaa bunaa guddisuuf misoomicha hirkattummaa roobaa jalaa baasuu, akkasumas dhibeefi rakkoo haala jijjiirama qilleensaan mudachaa jiru ittisuuf tarsiimoon dandeessisu bocamee hojjetamaa jiraachuun ibsameera. Tarsiimoo qabame kanaan hubannoo uumuuf jecha ogeessotaafi hoggantootaaf leenjiin kun qophaa'uu isaa addeessaniiru. Muuxannoo misooma buna jallisiisa bonaa naannichatti abbootii qabeenyaa muraasaan jalqabamee bu'aan irratti argame qindeessuun gara qonnaan bultootaatti babal'isuuf kallattiin qabamuu isaa ibsaniiru. Kanaanis qonnaan bultoota sadarkaan jiraniif leenjii gahoominaa kennuun, akkasumas xaa'oo uumamaafi nam-tolchee madaalawaa ta'een fayyadamuun misooma jallisii bunaa babal'isuuf akka hojjetamu dubbataniiru. Kanaanis amma naannichatti oomisha bunaa hektaara tokkorraa argamu kuntaalaa 9 gara kutaalaa 20tti guddisuuf kaaroorfamuusaa isaa ibsaniiru. Fuuldurattis hanga gandaatti leenjiiwwan kennuun, sanyiiwwan bunaa fooyya'an dhaabuun, akkasumas misooma bunaa kilaasteraan akka qotamu kallattii kaa'ameen hojiirra akka oolu addeessaniiru. Daayirektara Olanaa Institiyuutii Qorannoo Qonnaa Oromiyaa Tashoomaa Boggaalaa gama isaaniitiin; buna jallisiin misoomsuun hektaara tokkorraa oomisha kuntaalaa 30 hanga 40 argachuun akka danda'amu ibsaniiru. Kana qofa osoo hin taane, deggersi ogummaa gahaan yoo taasifame waggatti si'a lama oomisha akka kennu mirkanaa'eera jedhan. Kanaafuu qonnaan bulaan sanyiiwwan bunaa dullooman sanyiiwwan fooyya'aniin bakka buusuun, xaa'oo uumamaafi nam-tolchee madaalawaa ta'een fayyadamee oomishtummaa isaa akka guddisu instituutiichi tekinoolojii walbarsiisuun hojjechaa jiraachuu beeksisaniiru. Beekumsa, dandeettii, tekinoolojiifi badhaadhina uumamaa qindeessuun waggoottan muraasa keessatti oomishtummaa bunaa dachaa oliin guddisuun, dameen kun guddina sharafa alatiif gumaacha guddaa akka taasisu mirkaneessaniiru. Leenjii leenjistootaa guyyoota afuriif qophaa'e kanarratti bakkewwan naannichaa hundarraa kan walitti babba'an ogeessota qonnaafi hoggantoota kuma 1fi 500 ol ta'an hirmaachaa jiru.
Saayinsii fi teeknooloojii
Tajaajilli Mana galmeewwanii fi Manneen kitaabaa Itiyoophiyaa qabeenya barreeffamaa gara diijitaalaatti jijjiiruu eegale
Jun 16, 2026 675
Waxabajjii 9/2018 (ENA) - Tajaajilli Mana galmeewwanii fi Manneen Kitaabaa Itiyoophiyaa sirna mana kitaabaa ammayyaa diriirsuuf kan gargaaru, qabeenya barreeffamootaa gara diijitaalaatti jijjiiruun hojii isaa ifatti eegaleera. Marsaa jalqabaatiin fuulawwan miiliyoona 20 gara diijitaalaatti jijjiiruuf hojiin akka hojjetamu ibsameera. Sirna jalqabsiisa kana irratti Ministirri Innoveeshinii fi Teeknoolojii Dr. Balaxaa Mollaa, Ministira Aadaa fi Ispoortii Shawwit Shaankaa, Daarektara Tajaajila Mana galmeewwanii fi Manneen Kitaabaa Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Sartsee Fireesibihaatii fi keessummoonni affeeraman biroon argamaniiru. Itiyoophiyaa ammayyaa uumuu fi dinagdee diijitaalaa guutuu ta'e dhugoomsuuf hojiileen hedduun hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Fakkeenyaaf, hojmaata waraqaa irraa gara diijitaalaatti ce'uu fi qabeenya seenaa gara kuusaa diijitaalaatti galchuun dhaloota dhufutti dabarsuu hojjetamaa jira jedhaniiru. Imalli tajaajilli mana galmeewwanii fi Manneen Kitaabaa Itiyoophiyaa jalqabe kun qaama tarsimoo Diijitaala Itiyoophiyaa 2030 akka ta'ee fi fuuldurattis dameewwan hundaan cimmee akka itti fufu ministirittin kaasaniiru. Qabeenya biyyaa mana kitaabichaa keessatti argaman eeguu fi kunuunsuun dhaloota dhufutti dabarsuuf hojiin diijitaalaasheenii kun murteessaa ta'uu isaas ibsaniiru. Ministirri Aadaa fi Ispoortii Sheewit Shaankaa gama isaaniitiin, Tajaajilli Mana galmeewwanii fi Manneen kitaabaa Itiyoophiyaa wiirtuu seenaan, aadaanii fi eenyummaan biyyaa itti galmeeffamee jiru ta'uu ibsaniiru. Hojiin diijitaalaayizeeshinii jalqabame kun seenaa keenya dhaloota dhuftuuf amanamummaan dabarsuu fi namni barbaade hundi ragaa barbaadu salphaatti akka argatu kan dandeessisudha jedhan. Daarektarri Tajaajila Mana galmeewwanii fi Manneen Kitaabaa Itiyoophiyaa Sartsee Fireesibihaat, tajaajilichi waggoottan 83'n dabran keessatti ragaalee seenaa hedduu galmeessuu fi olkaa'uudhaan dhalootaaf dabarsaa turuu isaa yaadachiisaniiru. Hojiin qabeenya barreeffamaa gara diijitaalaatti jijjiiruu amma hojjetamaa jiru kun, qabeenya ragaa biyyattii walitti qabuu fi gurmeessuun dhaloota dhuftuuf dabarsuuf akka gargaaru dubbataniiru. Kunis namni kamiyyuu ragaalee karaa diijitaalaa salphaatti akka argatu carraa uuma jedhaniiru. Ragaaleen seenaa waraqaa irratti barreeffaman sababa yeroo dheerachuu fi hanqina qabiinsatiin akka hin badnee fi akka hin mancaane, eegumsa waaraa gochuuf kan dandeessisu ta'uu isaas dubbataniiru.
Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob Jimmaa tajaajilamtootaaf tajaajila si’ataa kennuurra darbee kaka’umsa hojii hojjettootaa guddiseera
Jun 15, 2026 1436
Waxabajjii 8/2018 (ENA) - Godina Jimmaatti wiirtuleen tajaajila bakka tokkoo masoob, hawaasaaf tajaajila ariifataa fi qulqullina qabu kennuu bira darbee, kaka'umsa hojii hojjettootaa guddisuunsaa ibsame. Wiirtuleen kunniin ogeeyyii dandeettii qabaniin gurmaa’uu fi hojimaata ammayyaa’aa hordofuun isaanii, hojjettootaafis ta'e tajaajilamtootaaf boqonnaa guddaa ta’uunsaa ibsameera. Ogeeyyiin Masoob tajaajila wiirtuu tokkoo Limmuu Gannat Riidaa Kamaalii fi Adaal Haayilemaariyaam akka jedhanitti, tajaajilli wiirtichatti hawaasaaf kennan kakka'umsa hojii isaanii akka dabale ibsaniiru. Wiirtichi teknoolojiidhaan kan gurmaa'e waan ta’eef ariitii tajaajila dabaluun olitti, yeroo qaalii hojjettootaa fi hawaasaa qusachuu dandeessiseera. Haaluma wal fakkaatuun, ogeeyyiin wiirtuu Jimmaa Abdulnuuraa Abbaatamaamii fi Samiiraa Hasan gama isaaniitiin, bakki hojii mijataan uumamuunsaa komii tajaajilamtootaa malee tajaajila ariifataa kennuuf akka isaan dandeessise ibsaniiru. Godinichatti dhiyyeenya kana tajaajila kan jalqabe tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob, Aanaa Oomoo Naaddaa Magaalaa Asandaaboo keessatti tajaajilaa kan jiran Maaramee Baqqalaa fi Anwaar Abbaadiiggaa, hawaasaaf dammaqinaa fi ciminaan tajaajila kennaa akka jiran dubbataniiru. Haalli hojii mijataan umamuun hojjettoonni osoo hin nuffiin murannoodhaan akka hojjetan gochuu isaa kan eeran ogeeyyiin kunniin, kanaanis rakkoon dhiyeessii tajaajilaa kan waggoota dheeraaf gaaffii uummataa ture guutummaatti furamuu isaa addeessaniiru. Wiirtuu kanatti tajaajila argachuuf kan dhufe Musxafaa Abdurahimaan gamasaaniin, naannoo isaaniitti wiirtuun ammayyaa akkasii banamuunsaa baay'ee akka isa gammachiise ibsee, gara wiirtichaa yeroon seenu jalqaba keessummummaa irraa kaasee simannaan ogeeyyii fi ariitiin isaanii gammachuu guddaa namaaf kenna, jedheera. Tajaajila Eeyyama konkolaachisummaa argachuuf kan dhufe ta’uu ibsuun Jamaal Abdurahmaan, Wiirtichi dhimma hundumaa caalaa hawaasatti kan dhiyaatee fi gaaffii waggoota dheeraaf tureef deebii kan kenne ta'u dubbateera. Jiraattuun magaalaa Jimmaa Beetemaqdas Amhaa tajaajila wiirtuu magaalichatti argamutti waraqaa dhalootaa baafachuuf kan dhufte yoo ta'u, tajaajila hundumaa wiirtuu tokko keessatti argachuu isheetiin gammaduu ishee ibsiteetti. Itti Aanaa itti gaafatamaa fi Itti Gaafatamaan Damee Teknoolojii tajaajila Wiirtuu tokkoo Masoob, Magaalaa Jimmaa Jamaal Saalii, tajaajilli wiirtichatti kennamu tajaajilamaa qofaaf osoo hin taane hojjettootaafis madaala gammachuu ta'uu isaa ibsaniiru. Hawaasni yeroofi qarshiisaa qusatee tajaajila ariifataa argatee deebi'uu isaa fi tajaajila kennameen quufeen deebii gaarii inni kennu hojjetaaf kakka'umsa guddaa uumuusaa ibsaniiru.
Haalli rooba gannaa guyyoota 10 dhufanii maal fakkaata
Jun 12, 2026 1992
Waxabajjii 5/2018(ENA)-Guyyoota kudhan itti aanan bakkeewwan rooba gannaa argatan, akkasumas kibbaa fi kibba bahaa biyyattiitti roobni xiqqaa hanga jiddugaleessaa akka eegamu inistiitiyuutiin mitiworoloojii Itiyoophiyaa beeksise. Inistiitiyuutichi ibsa ENA’f ergeen akka hubachiisetti, haalli miitiwoorooloojii roobni akka uumamu godhan keessumaa kutaalee biyyattii walakkeessa lixaarratti cimina ni qabaatu. Sababa Kanaan haalli qilleensaa jiidhaan baay’inaanis ta’e tamsaasaan guyya guyyaan kutaalee biyyattii kibba lixaa, lixaa fi Kaaba lixaatti babl’achaa ni deema jedheera. Haala Kanaan rooba xiqqaa amma jiddugaleessaa akka argatan raagni kan mul’isu yoo ta’u kutaalee biyyattii jiddu galeessa, bahaa fi kibbatti rooba xiqqaa ni argatu jedheera. Guyyoota itti aanan cimina miitiwoorooloojiirraa ka’uun biyyattii bakkeewwa rooba gannaa argatanii fi kibbaa fi kibba bahaa biyyattiitti rooba xiqqaa amma jiddu galeessaa akka argatan ibseera. Dabalataanis miitiwoorooloojii darbee darbee qaamolee bishaanii fi qilleensa naannawaa keessatti ciman irraa ka’uun kibba lixaa fi lixa biyyattii rooba cimaa ni argatu jedheera. Humna aduu olaanaan wal qabatee keessumaa aduun guyyaa kutaa biyyattii Affaar, kibba bahaa, Kaaba, lixaa fi kibba lixaa tti digirii seelshiyeesii 32 amma 41 ol akka ta’u raagni jiru akka agarsiisu eereera. Ciidhi kun qonna gannaa, bakkeewwan midhaan Arfaasaa biqilchanitti haala mijataa uuma jedheera. Guyyoota kudhan dhufan sululoota biyyattii rooba gannaa fayyadamanitti bishaan lafa gubbaa xiqqaa amma guddaatti akka argatan ni eegama jedheera. Haala Kanaan Abbayyaan, Baaroo Akooboo gara gubbaa fi jiddu galeessaa, Oomoo Gibeen, Suululli qinxaabaa gara gubbaa sululoota Gannaalee Daawwaa bakka muraasatti bishaan lafa gubbaa jiddu galeessaa amma guddaatti ni argatu jedheera. Takazeen irra caalaan, Abbayya gara gubbaa fi gara gadii bakka xiqqaatti, Hawaas gara gubbaa fi jiddu galeessaa, Oomoo Gibeen, Baaroo Akooboon, Gannaalee Daawwaan, Waabee Shabalee fi sululoonni qinxaamaa bishaa lafa gubbaa xiqqaa amma jiddugaleessaatti akka argatan ibseera.
Kenninsa Tajaajila Geejjibaa Naannichaa Mijataa gochuuf hojii tajaajila diijitaalaa babal’isuurratti irratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jira
Jun 12, 2026 1123
Waxabajjii5/2018(ENA) - Naannoo Oromiyaatti tajaajila kenniinsa geejjibaa mijataa fi dhaqqabamaa gochuuf babal'ina tajaajila diijitaalaa irratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu Ejensiin Geejjibaa Naannichaa ibse. Ejansichatti Daarektarri Tajaajila Geejjiba Ummataa Obbo Musbaahuddiin Abdulmajiid ENA'f akka ibsanitti; kenniinsa tajaajila geejjibaa mijataa fi dhaqqabamaa gochuuf hojiiwwan babal'isa tajaajila diijitaalaa irratti xiyyeeffannoo kennamee hojjetamaa jira. Haaluma kanaan, bara baajataa Kanaan hanga taarifaa, fageenya daandiiwwan uwwifamanii fi iddoowwan ka'umsaa fi ga'umsa geejjibaa ifatti akka beekaman taasifameera jedhan. Konkolaachistootaa fi gargaartonnis hojimaata kana akka hordofan gochuu bira darbee, konkolaattonni sarara ramaddii isaaniif hayyamame qofaan akka hojjetan, booloo fi inshuraansii qaama sadaffaa maxxansuu isaanii mirkaneessuu, akkasumas sirnoonni to'annoo dandeettii teeknikaa fi hayyama ramaddii akka ciman ibsaniiru. Kana malees, imalawwan fageenya walfakkaataa qaban kaffaltii taarifa walfakkaataa akka qabaatanii fi konkolaattonni ramaddii ji'aa isaanii sirnaan akka raawwatan sirni ramaddii diijitaalaa diriirfamuu isaa dubbataniiru. Keessattuu, dhiyeessii fi fedhii geejjiba uummataa walitti fiduuf akkasumas tajaajilicha ammayyeessuuf misoomni buufata konkolaataa ammayyaa’aa fi qinda’aan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Jimma, Naqamtee, Walisoo, Roobee fi Shaashamannee dabalatee magaalaalee naannichaa 17 keessatti ijaarsi buufataalee konkolaataa ammayyaa sadarkaa isaanii eeggatanii xumuramee tajaajilaaf banaa ta'uu isaanii hubachiisaniiru. Buufataleen kunneen tajaajila hojimaata badaarraa qulqulluu kan ta'e akka kennaniif, to'annoo fi hordoffiin kallattii kaameraa Siisiitiivii (CCTV) tiin deeggarame wiirtuu guddaa ejensichaa irraa taasifamaa jira jedhaniiru. Dabalataan, magaalaalee Bulee Horaa fi Asallaa dabalatee ijaarsi buufataalee ammayyaa haaraa afurii gaggeeffamaa akka jiru akeekaniiru. Walii galaan, godinaalee naannichaa hundaa fi magaalaalee gurguddoo 23 keessatti buufatalee geejjiba ummataa 380 ol ta'an irratti sirni to'annoo diijitaalaa diriireera jedhaniiru. Konkolaachistoonni adabbiin irratti jiru bakka jiran irraa bilbila harkaa isaaniitiin kaffaltii raawwachuu srni dandeessisus diriiruu isaa dabalanii ibsaniiru. Ejansichi bara baajataa itti aanutti tajaajilicha caalaatti ammayyeessuu fi dhaqqabamaa gochuuf karroorsee hojjechaa jiraachuu kan ibsan Obbo Musbaahuddiin; hojimaata tajaajilamtoonni karaa Telebirriitiin bakka jiranirraa bilbilaan belleettoo imalaa konkolaataa barbaadanii kutachuu kan danda'an hojiirra oolchuuf hojjetamaa akka jiru beeksisaniiru.
Ispoortii
Atileetota lafaa dhufeeyyii filachuu fi hordofuuf sirna dijitaalaatti fayyadamuun xiyeeffannoon kennameera
Jun 17, 2026 85
Waxabajjii 10/2018 (ENA): Federeeshiniin Atileetiksii Itiyoophiyaa sirna dijitaalaa haaraa ataileetota lafaa dhufeeyyii filachuu fi hordoffiif tajaajilu dhaabbataadhaan hiiku hojiirra oolchuuf hojjechaa jiraachuu beeksise. Akkasumas, teeknooloojiin dijitaalaa dhimmoota umurii wajjin walqabatan furuu keessatti gahee olaanaa akka qabu agarsiiseera. Itiyoophiyaan biyya atileetota gootota taate, injifannoo ijoolleen ishee galmeessisaniin maqaa ishee beekamtii fi alaabaa ishee dirree addunyaa irratti ol kaasaa jirti. Haa ta'u malee yeroo dhiyoo asitti bu'aan eegamu gama atileetiksiitiin galmaa'uu dhabuun isaa ni himama. Milkaa’ina atileetiksii idil-addunyaa Itiyoophiyaa eegsisuuf jecha atileetota itti aanan oomishuun dhimma xiyyeeffannoo argachuu qabu ta’uun isaa ifaadha. Hojii gaggeessaan olaanaa Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaa Dr. Amansiisaa Kabbadaa ENA waliin turtii taasisaniin akka himanitti, milkaa’ina itti fufiinsa qabu damichaa mirkaneessuuf atileetota dargaggoota irratti xiyyeeffachuun hojii hin hafnee fi murteessaa ta’uu ibsaniiru. Kanaaf Federeeshiniin Atileetiksii atileetota itti aanan bu’a qabeessa ta’anii fi biyyaaf ulfina fidan oomishuuf tooftaalee adda addaa qopheessaa fi hojiirra oolchaa akka jiru akeekaniiru. Federeeshinichi pirojektoonni akka biyyaatti hordofu sirna madaallii wal irraa hin cinne akka hordofan hojii jalqabuu isaa, akkasumas bu’a qabeessummaan pirojektootaa guddifamee atileetota dargaggoota oomishuuf akka ta’e hubachiisaniiru. Sirni haaraan kun rakkoolee adeemsi madaallii gaarii hin taanee fi pirojektoota keessatti deeggarsa maallaqaa yeroodhaan argachuu dhabuun mul’atu fureera jechuun hubachiisaniiru. Pirojektoota keessatti atileetota dargaggootaa itti dhiyeenyaan hordofuu fi atileetota gahumsa qaban oomishuuf sirni dijitaalaa hojiirra oolaa jiraachuu akeekaniiru. Sirni dijitaalaa kun keessumaa gufuulee umuriin walqabatan sirreessuun atileetiin tokko umurii isaaf malu irraa akka hirmaatu kan taasisu ta’uu ibsaniiru. Sirni dijitaalaa kun guutumaan guututti hojirra yommuu oolu dargaggoota atileetota gahumsa qaban akka dorgomanii fi biyya bakka bu’an jajjabeessuu keessatti ga’ee ol’aanaa qaba jedhaniiru. #TOI #ENA Afaan Oromoo #
Waancaa Addunyaa irratti biyyi Afriikaa Kootdivuwaar Milkoofteetti
Jun 15, 2026 908
Waxabajjii 8 /2018 (ENA): Sagantaa lammaffaa ramaddii shanaffaa Waancaa Addunyaa FIFA 23ffaa irratti Kootdivowar Ikuwaadooriin 1 fi 0'n mo’atteetti. Tapha halkan walakkaa Istadiyeemii Fiilaadelfiyaatti taasifameen, taphataan jijjiiramee seene Amaadii Diyaaloo daqiiqaa 90ffaa irratti goolii injifannoo lakkoofsiseera. Biyyi Afriikaa Kootdivowar tapha kanaan carraawwan goolii argamsiisan fooyya'oo ta'an uumtee turte. Ikuwaadoor dambalii kubbaa harka qabaachuu irratti caalmaa haa qabaattu malee, yaalii goolii kallattii isaa eege tokko qofa qofa taasifteetti. Kootdivowaar Waancaa Addunyaa baranaatiin biyya Afriikaa injifannoo galmeessite ishee jalqabaa taateetti. Seenaa Waancaa Addunyaa keessatti yeroo jalqabaatiif biyyoonni Afriikaa 10 hirmaachaa jiru. Ramaddii Shanaffaa kanaan tapha kaleessa taasifame biraatiin, Jarman Kuraasa’aan 7 fi 1n injifatteetti. Gara fuulduraatti taphni ramaddii Jarmanii fi Kootdivowaar gidduutti taasifamu kan eegamu dha. Ikuwaadoor fi Kuraasaa’oo sagantaa ramaddii lammaffaa kanaan tapha biraa kan taasisan ta'a.
Neezerlaandisii fi Jaappaan qixa adda bahan
Jun 15, 2026 511
Waxabajjii 8 /2018 (ENA): Sagantaa Waancaa Addunyaa FIFA 23ffaa irratti Neezerlaandisii fi Jaappaan lama fi lamaan qixa bahan. Istaadiyaamii Daalaasitti tapha jalqabaa Ramaddii 6ffaa galgala taasifameen,Varjiil VaanDaayik fi Kireesensiyoo Saamarviil Neezerlaandisiitiif galchiiwwan lakkoofsiseera. Keetoo Naakamuraa fi Daachii Kaamaadaa immoo galchiiwwan Jaappaaniif galchaniiru. Galchiin Kaamaadaa daqiiqaa 88ffaa irratti lakkoofsise Jaappaaniin qixa taasiseera. Gooliiwwan afran keessatti galchan, tapha walakkaa lammaffaa keessa sochii gaarii taasifameeni. Biyyoonni lamaan ramaddii 6ffaa keessatti qabxiisaanii jalqabaa argataniiru. Ramaddii kanaan biyyi Siwiidin fi Tuuniziyaa waliin barii sa'aatii 11:00 irratti Istadiyaamii Moontireeyitti tapha isaanii taasisaniiru.
Milkaa'inni Bu'uraalee Misooma iddoowwan ispoortii Finfinnee carraa guddattoonni dandeettii ispoortii isaanii itti cimsatan uumeera
Jun 14, 2026 1276
Waxabajjii 7/2018 (ENA) — Milkaa'inni bu'uraalee misooma iddoowwan ispoortii Finfinnee, guddattoonni gahumsa ispoortii isaanii akka gabbifatan bu'uura guddaa kaa'uusaa Biroon Dargaggootaa fi Ispoortii Magaalaa Finfinnee beeksise. Magaalittii keessatti pirojektoonni koriidaraa fi lageen qarqaraa miidhagoon ijaaraman, bu'uraaleen misooma iddoowwan ispoortii hedduun akka ijaaraman dandeessiseera. Iddoowwan ispoortii ijaaraman kunneenis, naamusaa fi eenyummaa dargaggoota magaalattii ijaaruun, dandeettii ispoortii isaanii akka gabbifataniif haala mijataa uumeera. Kunis hanqina iddoowwan ispoortii furuudhaan, dameewwan ispoortii hundaan dargaggoota bakka bu'oo ta'anii fi gahumsa qaban horachuuf haala mijataa uumaa jira. Hogganaan Biiroo Dargaggootaa fi Isportii Finfinnee Obbo Assagidaw Hayilagoorgis ENA'f akka ibsanitti; milkaa'inni misooma magaalattii ijaarama bu'uraalee misooma ispoortiitiif haala mijataa uumuu isaa eeraniiru. Bu’aan Misooma miidhagsuu Finfinnee kunis, ispoortessitoota dorgamtootaa fi gahumsa qaban horachuu kan dandeessisan, gidduu galaa fi iddoowwan ispoortii bu'a-qabeeyyii ta'an akka ijaaraman gochuu isaa dubbataniiru. Kanaanis, jijjiirama biyyaalessaa booda, guddattoota ispoortessitoota gahumsaa fi qulqullina qaban horachuu kan dandeessisan, bakkeewwan shaakala ispoortii kuma 2 fi 581 ijaaramuusaanii dubbataniiru. Ijaarsi iddoowwanii fi gidduugalli ispoortii kunis, manneen barnootaa, dhaabbilee leenjii ogummaa fi teeknikaa, dhaabbata fayyaa dabalatee, naannawa jireenya uummataa keessattis pirojektoonni bu'uraalee misooma ispoortii hirmaachisoo ta'an ijaaramuusaanii hubachiisaniiru. Gidduugalli leenjii fi iddoowwan ispoortii magaalattii, isportessitoota bakka bu'oo horachuu bira dabree, faayidaa hawaasummaa fi dinagdee damee hedduu argamsiisaa akka jiran kaasaniiru. Lammii naamusa gaariin bocame horachuu keessattis, dargaggoonni fi ijoolleen yeroo isaanii bakka hin mallee fi faayidaa hin qabneerraa akka fageeffatan haala mijataa uumuusaa eeraniiru. Iddoowwan ispoortii Finfinnee kanneen ammayyaa fi sadarkaa isaanii eeggatan, Itiyoophiyaan dorgommiiwwan idil-addunyaa keessummeessuuf dandeettii akka argattu kan taasisan ta'uusaa ibsaniiru. Yeroo ammaas, gidduugala leenjii fi iddoowwan ispoortii kanaan guddattoonni leenjifaman, gara kilaboota adda addaa fi garee biyyaalessaatti sadarkaa isportii ol'aanaatti ce'aa akka jiran ibsaniiru. Kunis, misooma isportii Itiyoophiyaa keessatti faayidaa guddaa buusuun, guddattonni dandeettii ispoortii isaanii akka gabbifatan bu'uura kaa'amuu isaa kan agarsiisudha jedhaniiru. Gara fuulduraattis, ispoortessitoota bakka bu'oo horachuu kan dandeessisan, hojiin ijaarsa bu'uraalee misooma giddugala leenjii fi iddoowwan ispoortii cimsee kan itti fufu ta'uu mirkaneessaniiru.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Tarsiimoon misooma magariisaa Itiyoophiyaan damee hundaan guddina saffisiisuun milkaa’ina argamsiisaa jira
Jun 17, 2026 58
Waxabajjii 10/2018 (ENA): Tarsiimoon misooma magariisaa Itiyoophiyaan damee hundaan guddina saffisiisuun milkaa’ina argamsiisaa jira jedhan hoji gaggeessaan olaanaa Koorporeeshinii Misooma Paarkii Industirii Dr. Fissahaa Yittaagasuu. Dhaabbanni Tajaajila Elektirikaa Itiyoophiyaa Korporeeshinii Misooma Paarkii Industirii waliin ta’uun yeroo ammaa buufata chaarjii konkolaataa elektirikii guddaa Zoonii Diinagdee Addaa Qilinxoo keessatti ijaarame eebbisaa jira. Sagantaa kanarratti De’eetaan Ministeera Geejjibaa fi Loojistikii Bara’oo Hasan, hoji gaggeessaan olaanaa dhaabbata elektirikaa Itiyoophiyaa Injinar Geetuu Garramaa fi keessummoonni affeeraman biroon argamaniiru. Hojii gaggeessaan olaanaa Koorporeeshinii Misooma Paarkii Industirii Dr. Fissahaa Yittaagasuu buufanni chaarjii konkolaataa elektirikaa kan yeroo isaa eeggatee fi barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. Kunis qaama imaammata diinagdee magariisaa Itiyoophiyaan hordofaa jirtu ta’uu hubachiisaniiru. Daandiin misooma magariisaa Itiyoophiyaa damee hundaan guddina saffisiisuun milkaa’ina argachaa jiraachuus hubachiisaniiru. Kanneen keessaa tokko konkolaattota elektirikaa ta’uu ibsuun, gara fuulduraatti fedhii konkolaattota elektirikaa guutuuf buufataaleen chaarjii babal’achuu akka qaban hubachiisaniiru. Buufatni chaarjii konkolaataa elektirikii har’a eebbifame tarkaanfii yeroo murteessaa ta’etti fudhatamedha jedhan. Kunis faalama qilleensaa kan dhabamsiisu ta’uun cinatti faayidaa olaanaa qaba jedhani. Dhaabbileen kunneen walitti dhufeenya cimaa akka qaban ibsuun; waliin hojjechuu isaaniis itti fufuu isaanii mirkaneessaniiru. #TOI #ENA Afaan Oromoo #
Ashaaraa magariisaatiin cichuunii fi jabaatanii hojjechuun gootummaa yeroon barbaadu
Jun 17, 2026 84
Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad sagantaa ashaaraa magariisaa baranaa mata duree “Abdii haa dhaabnu” jedhuun Bishooftuutti eegalchiisaniiru. Sagantaan kun birmadummaa fi badhaadhina kan mirkaneessu inisheetiiviibiyyaalessaa ta’uusaas wayita kana ibsaniiru. Kana malees kallattii misoomaa isa murteessaa birmadummaa bosonaa, midhaanii fi hunda galeessaati. Ashaaraa magariisaa baranaatiin biqiltuuwwan biiliyoona 8 kan qophaa’e yoo ta’u, egeree magariisaaf, hundi keenya abdii haa dhaabnu jechuun biyyaaf dhaamaniiru. • Inisheetiivii biqiltuu dhaabuun olitti faayidaa dacha qabu Biqiltuuwwan Inisheetiivii ashaaraa magariisaatiin biqiltuuwwan mandhalee, kuduraa fi muduraa faayidaa dinagdee qaban, mukeen miidhaginaaf oolan, lafti muka malee hafe akka bayyanatu kan gargaaranii fi baay’ina bosonaa guddisuun qilleensi naannawaa akka sirraa’u gumaacha olaanaa የgumaachaa jiran kan ittiin dhaabamanidha. Adeemsa Kanaan biyyoon dhiqamu hir’ateera, balaan lolaa hir’ateera, lubbu qabeeyyiin manca’aa jira hir’ateera, lafti qullaattihafaa jiru hir’ateera, qaamni bishaanii lolaan guutamuu fi baduurraa baraaramaa jira, gama biraan ammoo oomishnii fi oomishtummaan dabaleera. Boru bu’aan kana caalu akka dhufu har’a Itiyoophiyaanonni fayyadama ummataa kan mirkaneessu sagantaa ashaaraa magariisaa irratti baay’inaan hirmaachuun irraa eegama. Ashaaraan magariisaa erga eegalamee kaasee waggoota darban biqiltuuwwan biiliyoona 48 caalu dhaabuun bosonni jijjiirama biyyaa dura dhibbantaa 17 tuqaa 2 ture yeroo ammaa gara dhibbantaa 23 tuqaa 6tti guddateera. Ummanni sagantaa ashaaraa magariisaa dhimma uumama kunuunsuu qofa osoo hin taane, dhimma birmadummaa dinagdee biyyaa fi wabii nyaataa mirkaneessuus godhamee fudhatamuu qaba. Faayidaan hunda galeessi kun qabatamaan mul’achaa kan jiru inisheetiiviin ashaaraa magariisaa ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin bara 2011 eegalamuunsaa ni yaadatama.
Godina Baaleetti qophiin biqiltuu ashaaraa magariisaa ummata hirmaachise taasifamaa jira
Jun 16, 2026 707
Waxabajjii 9/2018 (ENA)-Naannoo Oromiyaa godina Baaleetti qophiin biqiltuu ashaaraa magariisaa ummanni itti hirmaate taasifamaa jiraachuu waajjirri qonnaa godinichaa ibse. Sagantaan ashaaraa magariisaa baranaa bakka ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimadii fi hoggantoonni mootummaa olaanoon argamanitti eegalameera. Barana biqiltuu biiliyoona 8 dhaabuuf galma qabame milkeesuuf hojii sosochii biyyaalessaa taasifamurratti Itiyoophiyaanonni kutaa hawaasaa hunda keessatti argaman tumsa guddaa akka godhan ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad dhaamuunsaanii ni yaadatama. Biqiltuu sagantaa ashaaraa magariisaa baranaatiin dhaabamu milkeessuuf naannoo Oromiyaa godina Baaleetti hawaasa hirmaachisuun hojjetamaa jira. Itti aanaa hogganaan waajjira qonnaa godinichaa obbo Mu’awiyyaa Fu’aad ENA’f akka ibsanitti, waggoottan darban godinichatti hawaasa hirmaachisuun hojii hojjetameen lafa muka malee hafe bosona gochuun bu’aan qabatamaan argameera. Hojii kana itti fufsiisuuf ganna kana kan dhaabamu biqiltuu miiliyoona 229 buufata biqiltuu mootummaa, waldaalee fi dhuunfaatti qopheessuun itti fufeera. Amma ammaatti biqiltuun miiliyoona 211 ol, boolloon miiliyoona 194 kan qophaa’an yoo ta’u hojiin hafe hojjetamaa jiraachuu beeksisaniiru. Biqiltuuwwan mandhalee fi biyya alaa qophaa’uusaanii kan ibsan ammoo waajjirichatti dursaa garee sululaa fi misooma bosomaa obbo Tasfaayee Oliiqaati. Naannawichatti waggaatti al lama gannaa fi Arfaasaa kan roobu yoo ta’u, biqiltuun dhaabamu kana hubannoo keessa kan galche ta’uu eeraniiru. Biqiltuuwwan dhaabaman keessaa Gaattiraa, Heexoo, Waddeessa, Birbirsa, Giraaviiliyaa, nyaata loonii fi mukeen gaaddisaaf oolan yoo ta’u, harki 8 nyaata namaaf kan oolan kuduraa fi Muduraadha. Bulchaan aanaa Harannaa Bulluq obbo Ibraahim Hasan ummanni aanichaa ongeef akka hin saaxilamne hawaasa hirmaachisuuf tattaaffiin itti fufuu ibsaniiru. Haala Kanaan rooba Arfaasaatti gargaaramuun harka 60, biqiltuuwwan dhaabuuf qophaa’an miiliyoona 25 keessaa harka 80 kan caalu dhaabamuu beeksisaniiru.
Biqiltuuwwan Biiliyoonni 8 ol dhaabbiif qophaa’an- Dr. Abiyyi Ahimad
Jun 13, 2026 1886
Waxabajjii 6/2018 (ENA): Biqiltuuwwan biiliyoonni 8 ol dhaabbiif qophaa’aniiru jedhan Ministirri Muummee FDRI Dr. AbiyYI Ahimad. Dr. Abiyyi miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin, Waktii Sagantaa Ashaaraa Magariisaa irratti argamna ,Biqiltuuwwan biiliyoonni 8 ol dhaabbiif wayita qophaa’anitti, Egeree Magariisa taateef hundi keenya abdii dhaabnaa jedhan. #ENA_Afaan_Oromoo #TOI #ENA
Gabaasa addaa
Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti - Itti aanaa Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa
Jun 9, 2026 4141
Waxabajji 2 /2018 (ENA): Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti jedhani itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan muummee ministiraa Pirojektoota misoomaa adda addaa magaalaa Woldiyaatti ijaaraman eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Yeroo eebba kanaatti pirojektoonni misoomaa eebbifaman imala biyyattiin gara fuulduraatti taasiftu kan agarsiisan yoo ta’u, guddinni Itiyoophiyaa eenyullee dhaabuu akka hin dandeenye kuni ragaadha jedhan. Itti aanaan ministira muummee kun ummanni magaalaa Woldiyaa finxaaleyyii fi qoqqoodinsa mormuudhaan kan beekamu ta’uu ibsuun, filannoon isaanii irra deddeebiin nagaa fi mootummaa cimaa ta’uu isaa kan argisiisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan baandota irratti qabsaa’aa jira jedhani. Waggoota 50 fi 60 darbaniif warri yaada dulloomaatiin qabaman guddina ariifataa biyyattii hubachuu akka hin dandeenyes ibsaniiru. Warri bosona keessa jiran jijjiirama guddaa biyyatti dhufe kan akka misooma koridarii, maaddii guutuu, pirojektoota misoomaa fi oomisha qamadii arguu akka hin dandeenye dubbataniiru. Misoomni koridarii magaalota keessatti gaggeeffamaa jiru dhimma bareedinaa qofa osoo hin taane magaalota ammayyeessuun sadarkaa jireenyaa ummataa ol kaasuuf kaayyoo ta’uu ibsaniiru. Magaalonni Itiyoophiyaa magaalota Baha Afriikaa fi addunyaa waliin dorgomuu akka qaban ibsaniiru; akkasumas tajaajila ammayyeessuuf tajaajilli giddugala tokkoo guutuu biyyattiitti babal’achaa akka jiru hubachiisaniiru. Manneen kitaabaa ummataa, manneen kitaabaa dijitaalaa fi kaffeewwan saayinsii magaalaa Woldiyaatti ijaaraman odeeffannoo guyyaa guyyaa irraa gara beekumsaa fi qorannoo gadi fagootti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan, abbootii qabeenyaa fi ummanni pirojektoota misoomaa eegalaman gara baadiyyaatti babal’isuun badhaadhina biyyattii dhugoomsuuf waliin hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 9680
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.