ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Kaabaa Magalaa Fiicheettii Pirojektoonni adda addaa xumuramuun Tajaajilaaaf banaa ta’an
Jul 7, 2026 148
Waxabajjii 30/2018(ENA) Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Kaabaa Magaalaa Fiicheetti pirojektoonni garaa garaa baajata mootummaafi Hirmaannaa uummataan birrii Miliyona 629 ijaaraman xumuramuun tajaajilaaf banaa ta’an. Sirna eebbaa kanarrattis hoggantoonni mootummaa Oolaanoon argamaniiru. Pirojektoota eebbifamuun tajaajilaaf ga’an Gamoo Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Godinichaa abbaa darbii afurii, Wiirtuun kenniinsa tajaajila iddoo tokkoo (Masoob),Waajjiraalee bulchiinsa Gandaa , Mana Barumsaa sadarkaa 1ffaa Magarsaa Badhaasaa fi kanneen biroon xumuraman bakka hoggantoonni olaanoon Naannoo,Godinaa fi Aanaa argamanitti eebbifamanii tajaajilaaf banaa ta’aniiru. Sirna eebbaa kanarratti itti aanaan Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti obbo Awwaluu Abdii,Motummaan jijjiiramaa gaaffilee hawaasa deebisuuf hojii hojjetaa jiruun wiirtuu kenniinsa tajaajilaa iddoo tokkoo ‘Masoob’ daran babal'isuu irratti xiyyeeffannaa addaa kennaa jiraachuu ibsaniiru. Pirojektoonni kunneen qulqullinaafi aariitiin ijaaramanii xumuramuun rakkowwan kanaan dura kenniinsa tajaajilaa irratti mul’achaa ture furuun fayyadamummaa hawaasaa kan mirkaneessan ta’uusaanii, Ministirri hogganaa damee gurmaa’insaa waajjira muummee paartii badhaadhinaa fi walitti qabaan koree qindeessaa dhaabbilee federaalaa obbo Fiqaaduu Tasammaa ibsaniiru. Bulchaan Godina Shawaa Kaabaa obbo Kifaloo Adaree, Mootummaan rakkoo bulchiinsa gaarii furuu irratti fulleffatee hojjechuun pirojektoonni wiirtuu kenna tajaajila iddoo tokkoo ‘masoobii’fi ijaarsawwan mana Gandaa babal'isuun hawaasni tajaajila itti dhiyeenyaafi bakka tokkotti akka argatu ciminaan hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Jiraatoonni Godinichaa tokko tokko yaada kennaniin, pirojektoonni kun tajaajila si'ataa,haqa-qabeessaa fi qulqulluu kennuun fayyadamummaa isanii kan mirkaneessu ta’uu ragaan Komunikeeshinii Godina Shawaa Kaabaa irraa arganne ni mul’isa.
Dandeettii Omishtummaa Itiyoophiyaa caalaatti guddisuun qaala’insa jireenyaa hir'isuuf xiyyeeffannoodhaan ni hojjetama
Jul 7, 2026 126
Waxabajjii 30/2018 (ENA): Dandeettii Omishtummaa Itiyoophiyaa caalaatti guddisuu fi tarkaanfiiwwan adda addaa fudhachuun dhiibbaa qaala'iinsa jireenyaa hir'isuuf xiyyeeffannoodhaan akka hojjetamu Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsaniiru. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad walga’ii idilee 30ffaa bara hojii waggaa 5ffaa Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa irratti raawwii hojii mootummaa bara baajataa 2018 ilaalchisee gaaffilee miseensota mana maricha biraa ka'aniif deebii fi ibsa kennaniiru. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsa isaanii kanaan akka jedhanitti;mootummaan qaala'iinsa jireenyaa tasgabbeessuuf tarkaanfiiwwan hedduu fudhachaa jira. Tarkaanfiiwwan jalqaba fudhataman keessaa tokko filannoo shammattootaa(gabaa)guddisuu yoo ta'u, kanaanis dhaqqabamummaa gabaa Sanbataa fi Dilbataa kuma 2 oliin qaqqabsiisuun akka danda'ame beksisaniiru. Dhiibbaa qaala'iinsa jireenyaa salphisuuf mootummaan deeggarsa dinagdee olaanaa taasisaa jira kan jedhan Ministirri Muummee; keessattuu deeggarsi damee boba'aa irratti taasifamaa ture sadarkaa olaanaadhan dabaluu isaa beeksisaniiru. Deeggarsi boba'aa kanaan dura ji'atti biliyoona 16 ture jechuun; yeroo ammaa kana biliyoona 20 dabaluun hamma deeggarsichaa ji'atti gara biliyoona 36tti guddisuu danda'amuu ibsaniiru. Guddinni dinagdee biyyattii kutaalee hawaasaa hundaa akkaataa sadarkaa isaaniittii fi akka ifaajii isaaniitti fayyadamaa gochuu qabas jedhaniiru.
Misoomni Manaa Pirojeektii ijoo Mootummaati – Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Jul 7, 2026 151
Waxabajjii 30/2018 (ENA): Misoomni manaa pirojeektii ijoo mootummaati jechuun Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsan. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad waggoottan jijjiiramaa darban keessatti manneen miiliyoona 1.2 ijaaramuu isaaniis beeksisaniiru. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad walga’ii idilee 30ffaa bara hojii waggaa 5ffaa Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa irratti argamuun, raawwii hojii mootummaa bara baajataa 2018 ilaalchisee gaaffilee miseensota mana marichaa biraa ka'aniif deebii fi ibsa kennaniiru. Ibsa isaanii keessattis gaaffii mana jireenya lammiilee deebisuuf hojiileen bal’aan hojjetamuu isaanii eeranii, dhimmi misooma manaa Misiraachoowwan gurguddoo Gubaa jiran keessaa tokko ta’uu fi mootummaan xiyyeeffannaa guddaadhaan irratti hojjechaa akka jiru dubbataniiru. Haaluma kanaan, waggoottan torban darban qofa keessatti manneen miiliyoona 1.2 ijaaramuu isaanii eeraniiru. Waggoottan shanan dhufan keessattis manneen miiliyoona 1.5 hariiroo mootummaa,dhunfaa fi akkasumas filannoowwan birootiin ijaaruuf karoorfamee sochiin bal’aan taasifamaa akka jiru himaniiru. Kanas milkeessuuf imaammata manaa haaraan Mana Maree Ministirootaatiin ragga'uu kan kaasan Ministirri Muummee, ijaarsicha baadiyaa fi magaalaatti ariifachiisuuf tattaaffii guddaadhaan hojjetamaa akka jiru ibsaniiru. Saffisa ijaarsaa teeknoolojiidhaan deeggarame dabaluuf teeknoolojiiwwan ammayyaa akka '3D' gara hojiitti galaa akka jiran ibsaniiru. Kana malees, dhiyeessii meeshaalee ijaarsaa babal’isuuf warshaaleen hedduun gara hojiitti galaa kan jiran yoo ta’u, hojjettoonni ijaarsaa damee kana irratti bobba’anis leenjii sirrii fudhatanii gara hojiitti seenaa akka jiran eeraniiru. Mootummaan namoota yeroo tokkotti mana bitachuu hin dandeenyeef, kireeffachuun ykn galii isaanii ji'aa irraa kaffalaa deemuun yeroo dheeraa keessatti abbaa manaa kan itti ta'an sirna 'moorgeejii' diriirsuuf bal’inaan irratti hojjechaa akka jiru agarsiisaniiru. Misoomni manaa jireenya lammiilee kan sirreessu, carraa hojii bal’aa kan uumuu fi dinagdee biyyattii kan kakaasu ta’uu isaa kaasuun, mootummaan damee kana akka pirojeektii misoomaa ijootti fudhatee irratti hojjechaa akka jiruu fi milkaa'inni isaas tattaaffii waliinii kan barbaadu ta'uu hubachiisaniiru.
Filannoon Waliigalaa 7ffaan Guddinaa fi kutannoo uummata Itiyoophiyaa kan agarsiisedha – Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad
Jul 7, 2026 365
Waxabajjii 30 /2018 (ENA): Filannoon waliigalaa torbaffaan uummanni Itiyoophiyaa guddinaa fi dandeettii qorumsa danda'uuf qabu kan agarsiisedha jedhan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad gaaffilee miseensota Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa biraa ka'aniif deebii fi ibsa kennaa jiru. Ibsa kennaniinis, filannoon waliigalaa 7ffaan qaama siyaasaa barachuuf fedha qabu kamiyyuuf barumsa guddaa kan kenne, uummanni Itiyoophiyaa immoo ogummaa fi qabeenya kuufamaa jaarraa dheeraa kan qabu ta'uu isaa kan mirkaneessedha jedhaniiru. Ministirri Muummee filannichi kanneen kanaan dura gaggeeffaman mara irraa adda kan isa taasisan keessaa gurguddoo ibsuun; mormitoonni ‘hin galmaa’iinaa, hin deeggarinaa fi hin filatinaa" jedhanii doorsisaa fi dhorkaa itti fe'an osoo hin sodaatin, uummanni gurmaayee bahuun hamma halkanitti kan filatee fi gootummaan guddaan kan keessatti argame ta'u ibsaniiru. Qaamoleen filannoon kun akka hin milkoofne barbaadan, filannicharratti xiyyeeffatee socho'aa akka turan yaadachiisaniiru. Humnoonni Baandotaa fi ergamtoota bobbaasan hundi filannoo waan hin jaallanneef, adeemsichi akka hin gaggeeffamneef waan danda'an mara gochuu isaanii ibsuun; ta'us hin milkoofneef jedhaniiru. Uummanni Itiyoophiyaa rakkina ce'uu fi dhimmoota ogummaan dabarsuu beeku, qorumsa kana hundumaa ce'ee filachuu fi injifachuu isaatiif kabajni guddaan isaaf mala jedhaniiru. Itiyoophiyaanonni sagalee tokkoon finxaalessummaa, gandummaa fi qomoon wal-qooduu hin barbaannu; biyya waliinii misoomsuu fi badhaadhomsuudha kan barbaannu dhaamsa jedhu filannichaan waliin calaqqisiisuu isaanii Ministirri Muummee ibsaniiru. Yeroo filannichaa ijoolleen isaanii biyya fi mootummaa jabaataa fi nagaa qabu argachuu qabu ejjennoo jedhu kan qabatan Itiyoophiyaanonni miiliyoonaan lakkaa'aman, keessumattuu maanguddoonni, dhukkubsattoonni fi haadholiin, osoo rasaasni itti dhuka'uu kanaan osoo hin na’iin gara buufata filannoo deemuun sagalee isaanii kennuu isaanii yaadachiisaniiru. Kutannoon lammiilee kun namoota filatamanii fi mootummaaf imaanaa guddaa kan kenne ta'uus ibsaniiru. Uummanni jalqabbii keessan jaallanneerra; hattoota isin keessa jiran qulqulleessitanii, tajaajila fooyyessitanii, Itiyoophiyaa jabduu fi badhaate ijoollee keessaniif dabarsuu dandeessu carraa jedhu waan nuuf kenneef, uummata keenya sirriitti tajaajiluu itti-gaafatamummaa guddaa qabna jedhaniiru. Seenaa filannoo Itiyoophiyaa fi Afrikaa keessatti, akkasumas qaamolee "filannoon nuun ala hin jiru" jedhanii, Paartiin Badhaadhinaa falmii fi mormii guddaa gaggeessuun murtoo guddaa dabarsuu isaa ifa taasisaniiru. Haaluma kanaan, paartichi filannichaan teessuma parlaamaa dhibbantaa 85 irratti qofa dorgomuun, teessoo hafe dhibbenta 15 immoo paartilee dorgomtootaaf qofatti akka irratti dorgomaniif carraa kennuu isaa dubbataniiru. Filannicharratti sagaleen hedduun akka hirmaatu fedhiin akka turee fi kanaanis paartileen siyaasaa dorgomtoota ta'an hedduun hirmaachuu isaanii ibsuun; waliigala filannichi nagaa, diimokiraatawaa fi Eeyyama uummataa kan argate ta'uun milkiidhaan xumurameera jedhaniiru.
Gareen ABUT duraanii dargaggoota Tigraay waraana Sudaan keessatti gaggeeffamaa jirutti gurguraa jira
Jul 7, 2026 247
Waxabajjii 30/2018 (ENA): Gareen seeraan alaa ABUT dargaggoota Tigraay waraana Sudaan keessatti gaggeeffamaa jirutti gurguraa jiraachuu ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad himan. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad gaaffilee miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa raawwii hojii mootummaa bara baajataa 2018, yaa’ii idilee 30ffaa bara hojii waggaa 5ffaa ilaalchisee kaasaniif deebii kennaa jiru. Naannoo Tigraay ilaalchisee ibsa kennaniin MM Dr. Abiyyi Ahimad akka dubbatanitti, Waliigaltee Nageenyaa Piriitooriyaa dhimma salphaa osoo hin taane tarkaanfii guddaa nagaa waaraa ijaaruuf fudhatamedha jedhani. Carraan kun kan argame naannoo Tigraay keessatti bulchiinsi yeroo hundeeffamee, bu’uuraaleen misoomaa jeequmsaa fi miidhaman deebisuuf ta’uu ibsaniiru. Piritooriyaan akka mariitti ilaalamuu hin qaba kan jedhan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi, mootummaan nageenya buusuuf gatii guddaa akka kaffale ibsaniiru. Haa ta'u malee, warri naannicha keessatti nageenya hin barbaanne ammas jireenya nagaa ummata Tigraay booressaa akka jiran dubbataniiru. Humnoonni nageenya diiguu kunneen maatii ofii Finfinnee, biyya alaa nagaa fi tasgabbiin eegaa kan jiran yoo ta’u, lubbuu namoota qulqulluu naannichaa irratti hookkara geessisaa akka jiran himaniiru. Keessattuu yeroo ammaa kana dargaggoonni Tigraay hedduun garee wayyaanee seeraan ala Sudaan keessatti butamanii waraanaaf gurguramaa akka jiran ibsaniiru. Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad tarkaanfiin kun hatattamaan dhaabbachuu qaba kan jedhan yoo ta’u, harki mootummaan nagaaf diriirfame jabaa ta’uu mirkaneessaniiru. Kana malees, hidhattoonni kuma 60 gadi hin taane kaffaltii (DDR) erga argataniin booda raayyaa ittisa biyyaa irraa gad lakkifamuu, hidhamtoonni fi booji’amtoonni hedduun akka gadi lakkifaman ibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena
Siyaasa

Waliigalteen Nageenyaa Piriitooriyaa nageenya waaraaf gatii guddaa kaffalamedha - Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Jul 7, 2026 218
Waxabajjii 30/2018 (ENA): Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Waliigaltee Nageenyaa Piriitooriyaa gatii guddaa nageenyaaf waaraaf kaffalame ta’uu ibsan. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad gaaffilee miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa raawwii hojii mootummaa bara bajataa 2018 ilaalchisee kaasaniif deebii fi ibsa kennaa kennaa jiru. Kanuma waliin Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsa isaanii keessatti Waliigaltee Nageenyaa Piriitooriyaa ilaachisuun ibsa kennaniin, waliigalteen nageenyaa kun nagaa waaraa fiduu fi walitti bu’iinsa Itiyoophiyaa keessatti dhaabbachuuf gatii guddaa kaffalamedha jedhani. Naannoo Tigraayitti mootummaan yeroo hundeeffamu eeruun, Hidhattoota deebisanii dhaabuu hidhattoota duraanii kuma 60 ol leenjisuu fi deebisanii dhaabuun akka raawwatame ibsaniiru. Bu’uuraalee misoomaa fi dhaabbilee hawaasummaa naannicha keessa jiran deebisanii ijaaruun ummanni fayyadamoo akka ta’uuf tattaaffiin taasifamaa jira jedhan. Naannichatti ammas tattaaffiin nageenya booressuu akka jiru eeruun, ummanni Tigraay karaa nagaa bahee fi bahuu akka hin dandeenyee fi rakkoon kun hammaataa dhufuu dubbatani. Warri jeequmsa kakaasan ijoollee isaanii biyya alaa fi Finfinnee keessa kaa’anii, dargaggoota Tigraay hedduu waraana Sudaan keessatti hirmaachisuun fi kasaaraa guddaa irraan geessisaa akka jiran hubachiisaniiru. Ministirri Muummee ibsa kennaniin, waraana kakaasuuf irra deddeebiin tattaaffiin godhamus, mootummaan obsaan irra darbaa jira jedhan. Madda nageenya booressan mootummaan akka gaariitti akka beeku ibsaniiru, rakkoo kana madda irraa maqsuuf tarkaanfii barbaachisu akka fudhatu himaniiru. Mootummaan birmadummaa Itiyoophiyaa fi nageenya waaraa hundeessuuf dandeettii amanamaa akka qabus ibsaniiru. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad humnoonni nageenyaa fi seera kabachiisan biyyattii yeroo kamuu caalaa dandeettii lakkoofsa, qulqullinaa fi teeknooloojiin qaban ijaaruun haala kamiinuu ejjennoo nageenya qabu keessa akka jiraatan mirkaneessaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena
Mariin Biyyaalessaa rakkoolee jaarraa hedduuf kuufamaa turan furuun waliigaltee hawaasummaa waloo haaraa bocuufi - Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Jul 7, 2026 213
Waxabajjii 30/2018 (ENA): Mariin Biyyaalessaa rakkoolee jaarraa hedduuf kuufamaa turan hiikuu fi waliigaltee hawaasummaa waloo haaraa bocuuf akka ta’e Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsaniiru. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad gaaffilee miseensonni mana maree bakka bu'oota ummataa ka'aniif deebii kennaa jiru. Ibsa isaanii keessatti Ministirri Muummee akka jedhanitti, Mariin Biyyaalessaa rakkoolee jaarraa hedduuf kuufaman furuu fi waliigaltee hawaasummaa waloo haaraa bocuudha. Carraan marii amma argame hedduun, akka salphaatti ilaalamuu akka hin qabnee fi sirnaan itti fayyadamuu akka qabu hubachiisaniiru. Carraan tokko yeroo dhufutti sirriitti itti fayadamuun barbaachisaadha kan jedhan mimistirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad, erga darbee gaabbuu, akkasumas osoo lubbuun jirruu osoo hin beekiin yeroo lubbuun darbu faarsuun amala badaa jijjiiramuu qabu dha jedhani. Mariin biyyaalessaa kun ariitiin gaggeeffamaa akka hin jirree fi manni marichaaf yeroon dabalataa kennameefii of eeggannoodhaan qajeelfamni taasifamaa akka jiru ibsaniiru. Mariin kun hirmaannaa qindaa’ee fi ajandaa hawaasa hundarraa madda waan ta’eef, adeemsa gatii guddaa qabuu fi Itiyoophiyaa qofaaf osoo hin taane guutuu Afrikaaf fakkeenya ta’ee tajaajiluu danda’u ta’uu ibsaniiru. Akkasumas kaayyoon marii kanaa inni guddaan rakkoolee waggoota darban keessatti kuufaman irratti waliin mari’achuu akka ta’e, akkasumas bakka waliigalteen hawaasummaa haaraan hojiirra ooluu danda’u ta’uu hubachiisaniiru. Rakkooleen marii kanaan furaman kan duraan turan malee kan haaraa uumaman miti; rakkoon jiru taateewwan seena qabeessa mootummaa ammaa kana mudataniidha jedhani. Kanaaf miseensonni paartilee wal morkatanii fi namoonni siyaasaa biyya alaa jiraatan karaa fi ilaalcha jallate keessaa bahanii rakkoolee jiran waliin hiikuuf gahee isaanii akka bahatan waamicha dhiyeessaniiru. Komishiniin marii biyyaalessaa Itiyoophiyaa yaada ummataa qindeessee mootummaaf akka dhiyeessu akeekuun, mootummaan yaadota dhiyaatan irraa barachuun dhimmoota fooyya’uu qaban waliin raggaasisuun waliigaltee biyyaalessaa akka uumu mirkaneessaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena
Filannoon bara kanaa nama fedhii barachuu qabu kamiifuu barnoota sadarkaa olaanaa kenneera - Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Jul 7, 2026 220
Waxabajjii 30/2018 (ENA): Filannoon waliigalaa torbaffaa bara kana gaggeeffame nama barachuuf fedhii qabu kamiifuu barnoota sadarkaa olaanaa akka argamsiise Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsaniiru. Yaa’iin idilee 30ffaa mana maree bakka bu’oota ummataa bakka MM Dr. Abiyyi Ahimad argamanitti gaggeeffamaa jira. Ministirri Muummee Dootar Abiyyi Ahimad gaaffii fi yaada miseensonni mana marichaa dhiyueessaniif deebii fi ibsa kennaa jiru. Filannoo waliigalaa torbaffaa ilaalchisee deebii fi ibsa kennaniin ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad filannoon bara kanaa nama barachuuf fedhii qabu kamiifuu barnoota sadarkaa olaanaa argamsiiseera jedhan. Lammiileen Itiyoophiyaa, maanguddoonni, haadholiin da'anii fi namoota dhukkubsatan dabalatee, haala mijataa hin taane keessattillee, filannoo kana irratti dammaqinaan hirmaachuun isaanii, lammiileen Itiyoophiyaa yaada isaanii sagalee tokkoon ibsachuu isaanii agarsiisa jedhaniiru. Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad filannoo kana irratti hirmaannaa ummataa guutuu galateeffatanii, filannoon kun haleellaan kan irratti xiyyeeffatame aka tureibsaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena
Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad yaa'ii idilee 30ffaa mana maree bakka bu'oota ummataa waggaa 5ffaa irratti deebii fi ibsa kennaniin qabxiilee ijoo kaasan keessaa:
Jul 7, 2026 221
Filannoo ilaalchisee: Filannoon dhaaba siyaasaa kamiifuu barumsa barsiise gaggeeffameera. Ummanni Itiyoophiyaa akka hin galmoofne, hin deeggarre, hin filanne jedhamee, doorsisa dhiisee, filannoo kana irratti dammaqinaan hirmaateera. Filannoon akka hin adeemsifamneef qaamonni filannoo hin barbaanne ummata filachuuf bahe irratti dhukaasa bananiiru; garuu ummanni biyya isaa jaalatu kanas osoo hin sodaatiin bahee filateera; kanaaf filannichas milkeesseera. Ummanni Itiyoophiyaa harka tokkummaan egeree biyya isaatiif gumaacha taasiseef kabaja guddaa qaba. Itiyoophiyaanonni waan biyya isaaniif gaarii ta'e sagalee tokkoon beeksisaniiru; waan biyya isaaniif hin tolle hin fudhatani. Maanguddoonni, haadholiin dahan dahumsa irraa ka’uun, namoonni dhukkubsatan, Itiyoophiyaanonni haala mijataa hin taane keessattillee, yeroo rasaasni itti dhukaafamaa turettillee filannoo kana irratti dammaqinaan hirmaataniiru.
Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad gaaffilee miseensonni mana maree bakka bu'oota ummataa dhiyeessaniif ibsaa fi deebii kennuu eegalaniiru
Jul 7, 2026 208
Waxabajjii 30/2018 (ENA): Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad gaaffilee miseensonni Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa dhiyeessaniif deebii fi ibsa kennuu eegalaniiru. Yaa'iin idilee 30ffaa mana maree bakka bu'oota ummataa bakka MM Dr. Abiyyi Ahimad argamanitti gaggeeffamaa jira. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena
Gaaffilee fi yaadota miseensonni Mana Maree Bakka Bu'oota Uummataa Ministira Muummicha Dr.Abiyyi Ahimad tiif dhiheessan keessaa :
Jul 7, 2026 203
Gaaffiin biyyattiin Hulaa galaanaa argachuuf dhiheessitu sirrii fi adeemsa badhaadhina waaraa uummata keenyaatiif murteessaadha. Kuni maalirra gaheera? Dandeettii Itiyoophiyaan damee Tuurizimiitiin qabdu guddisuuf pirojektoonni gurguddoon hojjetamaa jiran, Itiyoophiyaa sadarkaa Idil-addunyaatti dorgomaa kan taasisanidha. Naannoolee biyya keenya adda addaatti uummatni bilisummaan akka nagaan socho'uuf haala mijeessuu irratti, mootummaan olaantummaa seeraa kabachiisuuf kallattii akkamii qabatee jiraa? Dandeettii bu'uuraalee misoomaa biyyattiitti guddisuuf, keessumattuu babal'ina fi qulqullina daandiiwwanii fooyyessuu irratti xiyyeeffannoon kennamuu qaba. Mootummaan faayidaa biyyaalessa Itiyoophiyaa kabachiisuuf kallattii hordofaa jiru irratti ibsi osoo kennamee. Damee fayyaatiin hanqina dhiheessii qorichaa fi tajaajila kenninsa irratti mul'atan furuuf, tarkaanfiiwwan qabatamaa akkamii fudhatamaa jiru?

Hawaasummaa
Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Har’a Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataarratti argamuun ibsaa fi deebii ni kennu
Jul 7, 2026 228
Waxabajjii 30/2018 (ENA): Ministirri Muummeen Dr. Abiyyi Ahimad Har’a Waxabajjii 30,bara 2018 gabaasa raawwii hojii mootummaa kan bara baajataa 2018 Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataaf akka dhiyeessan ibsame. Akka Heera Mootummaa RDFI keewwata 55 keewwata xiqqaa 17 fi Labsii Naamusaa fi Hoojimaata Mana Marichaa lakkoofsa 6/2008 keewwata 81 keewwata xiqqaa 1 fi 3 bu'uura godhateen, Manni Marii Bakka Bu'oota Ummataa RDFI Muummee Ministiraa fi hoggantoota mootummaa federaalaa biroo gaaffiif waamuu, akkasumas hojimaata qaama raawwachiisaa qorachuu, hordofuu fi to'achuuf aangoo qaba. Bu'uura Heera Mootummaa fi dambii hojimaata fi naamusaa miseensota mana marichaa kanaan, Manni Maree Bakka Bu'oota Ummataa RDFI 6ffaan bara hojii waggaa 5ffaa, Walgahii Idilee 30ffaa Kibxata Waxabajjii 30 bara 2018 gaggeessuun, Ministirri Muummeen Dr.Abiyyi Ahimad mana marichatti argamuun gabaasa raawwii karoora bara baajataa 2018 mootummaa fi baajata waggaa kan bara baajataa 2019 irratti gaaffilee miseensota mana marii irraa ka'aniif ibsaa fi deebii ni kennu jedhamee eegama. Haaluma kanaan, manni marichaa gabaasaa fi yaada murtoo Koreen Dhaabbataa Dhimmoota Pilaanii, Baajataa fi Faayinaansii wixinee baajataa bara 2019 ilaalchisee dhiyeessu qorachuun labsii baajataa ni raggaasisa jedhamee akka eegamu ragaan mana marichaa irraa argame ni mul’isa.
Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Boru Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataarratti argamuun ibsaa fi deebii ni kennu
Jul 6, 2026 585
Waxabajjii 29/2018 (ENA): Ministirri Muummeen Dr. Abiyyi Ahimad Boru Waxabajjii 30,bara 2018 gabaasa raawwii hojii mootummaa kan bara baajataa 2018 Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataaf akka dhiyeessan ibsame. Akka Heera Mootummaa RDFI keewwata 55 keewwata xiqqaa 17 fi Labsii Naamusaa fi Hoojimaata Mana Marichaa lakkoofsa 6/2008 keewwata 81 keewwata xiqqaa 1 fi 3 bu'uura godhateen, Manni Marii Bakka Bu'oota Ummataa RDFI Muummee Ministiraa fi hoggantoota mootummaa federaalaa biroo gaaffiif waamuu, akkasumas hojimaata qaama raawwachiisaa qorachuu, hordofuu fi to'achuuf aangoo qaba. Bu'uura Heera Mootummaa fi dambii hojimaata fi naamusaa miseensota mana marichaa kanaan, Manni Maree Bakka Bu'oota Ummataa RDFI 6ffaan bara hojii waggaa 5ffaa, Walgahii Idilee 30ffaa Kibxata Waxabajjii 30 bara 2018 gaggeessuun, Ministirri Muummeen Dr.Abiyyi Ahimad mana marichatti argamuun gabaasa raawwii karoora bara baajataa 2018 mootummaa fi baajata waggaa kan bara baajataa 2019 irratti gaaffilee miseensota mana marii irraa ka'aniif ibsaa fi deebii ni kennu jedhamee eggama. Haaluma kanaan, manni marichaa gabaasaa fi yaada murtoo Koreen Dhaabbataa Dhimmoota Pilaanii, Baajataa fi Faayinaansii wixinee baajataa bara 2019 ilaalchisee dhiyeessu qorachuun labsii baajataa ni raggaasisa jedhamee akka eegamu ragaan mana marichaa irraa argame ni mul’isa.
Walitti dhufeenyi Yuunivarsiitii, Hospitaalotaa fi Industirii Guddina Damee Fayyaa Afrikaaf Murteessaadha – Itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa
Jul 6, 2026 508
Waxabajjii 29/2018 (ENA): Guddina damee fayyaa Afrikaaf walitti dhufeenyi yunivarsiitiiwwan, hospitaalotaa fi industirii cimsuu akka barbaachisu itti aanaan ministira muummee obbo Tamasgeen Xurunaa ibsaniiru. Yaa'iin Barnoota Yaalaa Afriikaa 2ffaan mataduree "Humna Ogeessa Fayyaa Afriikaa Carraalee fi Qormaatilee Haarawaa Gara Fuulduraaf Qopheessuu" jedhuun har'a Finfinneetti gaggeeffamuu jalqabeera. Ministirri Muummee Itti Aanaan Tamasgeen Xuruunaa kora kana yeroo jalqabsiisan akka jedhanitti, Itiyoophiyaan waggoottan muraasa darban keessatti barnoota ogeessota fayyaa babal'isuuf hojiiwwan gurguddoo hojjetteetti. Manneen barnoota yaalaa haarawaan banamuu fi dhaabbileen turan akka ciman taasifamuu ibsuun, carraawwan dargaggoonni Itiyoophiyaa damee saayinsii fayyaa keessatti akka hirmaatan gargaaru guddisuuf hojjetameera jedhan. Waliigaltee naannawaa cimsuuf Ruwaandaa fi Sudaan Kibbaa dabalatee ogeessota fayyaa biyyoota obboleeyyanii Afriikaa irra dhufaniif leenjiin kennamuus kaasaniiru. Itiyoophiyaan gaggeessummaa Ministira Muummee Doktar Abiyyi Ahimadiin sirna fayyaa Itiyoophiyaa humna uumama diijitaalaa fi hubannoo namtolcheen walitti hidhuun tajaajila fayyaa qulqullina qabuuf hojjetaa jirti jedhaniiru. Itiyoophiyaatti kan jalqabaa kan ta'e, inforamaatiksiin fayyaa, fayyaa diijitaalaa, roobootiksii fi qorannoo fayyaa hubannoo namtolcheen deeggarame irratti kan xiyyeeffatu Yuunivarsiitiin Hubannoo Namtolchee kan jalqabaa banuuf hojiin hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Hubannoon Namtolchee damee fayyaa keessatti jijjiirama ariifachiisaa fidaa jira kan jedhan Obbo Tamasgeen, akka ardiitti jijjiirama kana keessatti kalaqxoota, gaggeessitootaa fi babaliistota ta'uun akka barbaachisu hubachiisaniiru. Jijjiiramni kun yuunivarsiitota irraa jalqabamuu akka qabu eeranii, hidhata akkaadaamii, warshaa fi shaakala kilinikawaa gidduu jiru cimsuun barbaachisaadha jedhan. Utubaawwan sadan kunniin yeroo waliin hojjetan, kalaqni laaboraatoorii irraa gara dareetti, daree irraa gara ciisicha dhukkubsattootaatti, akkasumas ciisicha dhukkubsattootaa irraa gara gandaa fi magaalaa Afriikaa tokkoon tokkootti ga’uu danda’a jedhan. Afriikaan qormaata fi carraa kanaan dura argamee hin beekne waliin ga’uu irratti akka argamtu eeranii, Itiyoophiyaan yeroo mara guddina damee fayyaa ardichaaf kutannoo qabdu qabatamaan argirsiisaa jirti jedhan. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena
Miidiyaaleen nageenya ijaaruu keessatti gahee isaanii cimsuu qaba
Jul 6, 2026 365
Waxabajjii 29/2018 (ENA): Komishinarri Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Dr. Yoonaas Adaayee akka jedhanitti, miidiyaaleen nageenya ijaaruuf gumaacha qaban cimsuu akka qaban ibsaniiru. Komishinichi marii biyyaalessaa milkeessuu keessatti gahee miidiyaan taphachuu danda’u irratti ogeessota miidiyaaf leenjii kennaa jira. Baniinsa leenjii kanaa irratti Komishinarri Komishinii Marii Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Dr. Yoonaas Adaayee akka jedhanitti, miidiyaaleen nageenya ijaaruu keessatti gahee isaanii cimsuu akka qaban ibsaniiru. Waliigaltee biyyaalessaa uumuu fi dantaa biyyaalessaa kabachiisuuf midiyaan meeshaa murteessaa fi ijoo ta’uus hubachiisaniiru. Hojiin miidiyaa odeeffannoo kennuu kuni, hojii dhala namaa baraaruu ta’uu eeruun, odeeffannoo sirrii ta’e akka argatan gochuudhaan sochiiwwan guyyaa guyyaa hawaasaa karaa gaariin qajeelchuu keessattis miidiyaaleen gahee olaanaa akka qaban hubachiisaniiru. #Ena Afaan Oromoo #TOI #Ena
Diinagdee
Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Kaabaa Magalaa Fiicheettii Pirojektoonni adda addaa xumuramuun Tajaajilaaaf banaa ta’an
Jul 7, 2026 148
Waxabajjii 30/2018(ENA) Naannoo Oromiyaa Godina Shawaa Kaabaa Magaalaa Fiicheetti pirojektoonni garaa garaa baajata mootummaafi Hirmaannaa uummataan birrii Miliyona 629 ijaaraman xumuramuun tajaajilaaf banaa ta’an. Sirna eebbaa kanarrattis hoggantoonni mootummaa Oolaanoon argamaniiru. Pirojektoota eebbifamuun tajaajilaaf ga’an Gamoo Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Godinichaa abbaa darbii afurii, Wiirtuun kenniinsa tajaajila iddoo tokkoo (Masoob),Waajjiraalee bulchiinsa Gandaa , Mana Barumsaa sadarkaa 1ffaa Magarsaa Badhaasaa fi kanneen biroon xumuraman bakka hoggantoonni olaanoon Naannoo,Godinaa fi Aanaa argamanitti eebbifamanii tajaajilaaf banaa ta’aniiru. Sirna eebbaa kanarratti itti aanaan Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti obbo Awwaluu Abdii,Motummaan jijjiiramaa gaaffilee hawaasa deebisuuf hojii hojjetaa jiruun wiirtuu kenniinsa tajaajilaa iddoo tokkoo ‘Masoob’ daran babal'isuu irratti xiyyeeffannaa addaa kennaa jiraachuu ibsaniiru. Pirojektoonni kunneen qulqullinaafi aariitiin ijaaramanii xumuramuun rakkowwan kanaan dura kenniinsa tajaajilaa irratti mul’achaa ture furuun fayyadamummaa hawaasaa kan mirkaneessan ta’uusaanii, Ministirri hogganaa damee gurmaa’insaa waajjira muummee paartii badhaadhinaa fi walitti qabaan koree qindeessaa dhaabbilee federaalaa obbo Fiqaaduu Tasammaa ibsaniiru. Bulchaan Godina Shawaa Kaabaa obbo Kifaloo Adaree, Mootummaan rakkoo bulchiinsa gaarii furuu irratti fulleffatee hojjechuun pirojektoonni wiirtuu kenna tajaajila iddoo tokkoo ‘masoobii’fi ijaarsawwan mana Gandaa babal'isuun hawaasni tajaajila itti dhiyeenyaafi bakka tokkotti akka argatu ciminaan hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Jiraatoonni Godinichaa tokko tokko yaada kennaniin, pirojektoonni kun tajaajila si'ataa,haqa-qabeessaa fi qulqulluu kennuun fayyadamummaa isanii kan mirkaneessu ta’uu ragaan Komunikeeshinii Godina Shawaa Kaabaa irraa arganne ni mul’isa.
Dandeettii Omishtummaa Itiyoophiyaa caalaatti guddisuun qaala’insa jireenyaa hir'isuuf xiyyeeffannoodhaan ni hojjetama
Jul 7, 2026 126
Waxabajjii 30/2018 (ENA): Dandeettii Omishtummaa Itiyoophiyaa caalaatti guddisuu fi tarkaanfiiwwan adda addaa fudhachuun dhiibbaa qaala'iinsa jireenyaa hir'isuuf xiyyeeffannoodhaan akka hojjetamu Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsaniiru. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad walga’ii idilee 30ffaa bara hojii waggaa 5ffaa Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa irratti raawwii hojii mootummaa bara baajataa 2018 ilaalchisee gaaffilee miseensota mana maricha biraa ka'aniif deebii fi ibsa kennaniiru. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsa isaanii kanaan akka jedhanitti;mootummaan qaala'iinsa jireenyaa tasgabbeessuuf tarkaanfiiwwan hedduu fudhachaa jira. Tarkaanfiiwwan jalqaba fudhataman keessaa tokko filannoo shammattootaa(gabaa)guddisuu yoo ta'u, kanaanis dhaqqabamummaa gabaa Sanbataa fi Dilbataa kuma 2 oliin qaqqabsiisuun akka danda'ame beksisaniiru. Dhiibbaa qaala'iinsa jireenyaa salphisuuf mootummaan deeggarsa dinagdee olaanaa taasisaa jira kan jedhan Ministirri Muummee; keessattuu deeggarsi damee boba'aa irratti taasifamaa ture sadarkaa olaanaadhan dabaluu isaa beeksisaniiru. Deeggarsi boba'aa kanaan dura ji'atti biliyoona 16 ture jechuun; yeroo ammaa kana biliyoona 20 dabaluun hamma deeggarsichaa ji'atti gara biliyoona 36tti guddisuu danda'amuu ibsaniiru. Guddinni dinagdee biyyattii kutaalee hawaasaa hundaa akkaataa sadarkaa isaaniittii fi akka ifaajii isaaniitti fayyadamaa gochuu qabas jedhaniiru.
Misoomni Manaa Pirojeektii ijoo Mootummaati – Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Jul 7, 2026 151
Waxabajjii 30/2018 (ENA): Misoomni manaa pirojeektii ijoo mootummaati jechuun Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsan. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad waggoottan jijjiiramaa darban keessatti manneen miiliyoona 1.2 ijaaramuu isaaniis beeksisaniiru. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad walga’ii idilee 30ffaa bara hojii waggaa 5ffaa Mana Maree Bakka Bu'oota Ummataa irratti argamuun, raawwii hojii mootummaa bara baajataa 2018 ilaalchisee gaaffilee miseensota mana marichaa biraa ka'aniif deebii fi ibsa kennaniiru. Ibsa isaanii keessattis gaaffii mana jireenya lammiilee deebisuuf hojiileen bal’aan hojjetamuu isaanii eeranii, dhimmi misooma manaa Misiraachoowwan gurguddoo Gubaa jiran keessaa tokko ta’uu fi mootummaan xiyyeeffannaa guddaadhaan irratti hojjechaa akka jiru dubbataniiru. Haaluma kanaan, waggoottan torban darban qofa keessatti manneen miiliyoona 1.2 ijaaramuu isaanii eeraniiru. Waggoottan shanan dhufan keessattis manneen miiliyoona 1.5 hariiroo mootummaa,dhunfaa fi akkasumas filannoowwan birootiin ijaaruuf karoorfamee sochiin bal’aan taasifamaa akka jiru himaniiru. Kanas milkeessuuf imaammata manaa haaraan Mana Maree Ministirootaatiin ragga'uu kan kaasan Ministirri Muummee, ijaarsicha baadiyaa fi magaalaatti ariifachiisuuf tattaaffii guddaadhaan hojjetamaa akka jiru ibsaniiru. Saffisa ijaarsaa teeknoolojiidhaan deeggarame dabaluuf teeknoolojiiwwan ammayyaa akka '3D' gara hojiitti galaa akka jiran ibsaniiru. Kana malees, dhiyeessii meeshaalee ijaarsaa babal’isuuf warshaaleen hedduun gara hojiitti galaa kan jiran yoo ta’u, hojjettoonni ijaarsaa damee kana irratti bobba’anis leenjii sirrii fudhatanii gara hojiitti seenaa akka jiran eeraniiru. Mootummaan namoota yeroo tokkotti mana bitachuu hin dandeenyeef, kireeffachuun ykn galii isaanii ji'aa irraa kaffalaa deemuun yeroo dheeraa keessatti abbaa manaa kan itti ta'an sirna 'moorgeejii' diriirsuuf bal’inaan irratti hojjechaa akka jiru agarsiisaniiru. Misoomni manaa jireenya lammiilee kan sirreessu, carraa hojii bal’aa kan uumuu fi dinagdee biyyattii kan kakaasu ta’uu isaa kaasuun, mootummaan damee kana akka pirojeektii misoomaa ijootti fudhatee irratti hojjechaa akka jiruu fi milkaa'inni isaas tattaaffii waliinii kan barbaadu ta'uu hubachiisaniiru.
Naannichatti Oomishaalee galii qonnaan-bulaa guddisanii fi daldala Al-ergiif oolan bal'inaan oomishuuf xiyyeeffannoon kennameera
Jul 6, 2026 834
Waxabajjii 29/2018 (ENA): Naannoo Oromiyaatti oomishaalee galii Qonnaan-bulaa guddisanii fi gabaa Al-ergiif oolan bal'inaan oomishuuf xiyyeeffannoon kennamuusaa Hogganaan Biiroo Komunikeeshinii Naannichaa Obbo Haayiluu Addunyaa ibsan. Naannichatti Godina Shawaa Bahaa Aanaa Bosetitti hojiin omisha boloqqee kilaateraan facaasuu bakka hoggantoonni Naannoo, Godinaa fi Aanaa argamaniin eegalameera. Wayita sana Hogganaan Biirichaa Obbo Haayiluu Addunyaa, naannichatti omishtummaa qonnaa dachaan dabaluu cinaatti, galii qonnaan-bulaa guddisuuf oomishaalee Al-ergiirratti xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Hojiin har'a Aanaa Boset Ganda Dongoree Ciyoositti ,boloqqee kilaasteraan facaasuun jalqabame kun agarsiistuu kanaaf ragaa tokko ta'uusaa eeranii, muuxannoowwan gaggaariin akkasii akka babal'atan ni taasifama jedhaniiru. Keessattuu, qonnaan-bultoonni naannichaa galii qonna irraa argatan caalaatti akka guddisaniif, oomishaalee dibataa ooyruusaaniirratti kilaasteraan akka misoomsan xiyyeeffannoon akka hojjetamu ibsaniiru. Bulchaan Godina Shawaa Bahaa Obbo Abbaabuu Waaqoo gama isaaniitiin, godinichatti waggaa darbe lafa hektaara kuma 90 ta'u irratti oomishaaleen dibataa facaafamuu isaanii yaadachiisanii, bara kana gara hektaara kuma 130tti guddisuuf karoorfamuu dubbataniiru. Hojii eegalame caalaatti bu'a-qabeessa gochuuf galteewwan qonnaa hundi yeroon akka qoonnaan -bulaa qaqqabu taasifamuusaa ibsaniiru. Bulchaan Aanaa Booset Obbo Guutamaa Biiftuu gama isaaniitiin, lafa qonna gannaaf qophaa'e hektaara kuma 64 keessaa lafti hektaarri kumni 58 lafa kilaasteraan kan misoomu ta'u ibsaniiru. Aanichatti oomisha boloqqee ooyruu qonnaan bulaarratti kilaasteraan misoomu irraas hektaara tokko irraa hanga kuntaala 30 argachuuf karoorfamuus dubbataniiru
Saayinsii fi teeknooloojii
Wiirtuun kenninsa Tajaajila iddoo tokkoo ‘Masoob’ Magaalaa Shaambuutti eebbifamuun hojii eegale
Jul 6, 2026 481
Waxabajji 29/2018 (ENA): Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Magaalaa Shaambuutti wiirtuu kenninsa tajaajila iddoo tokkoo ‘Masoob’ xumuramuun eebbifamee tajaajilaaaf banaa ta’uun ibsameera. Bulchaan Godina Horroo Guduruu Wallaggaa obbo Mirreessaa Fiixee sirna eebbaa kanarratti tajaajilli wiirtuu tokkoo ‘Masoob’ haqummaa fi amanamuummaa akkasumas walqixxummaan tajaajila si'ataa, qulqulluu uummanni Mootummaa irraa barbaadu kennuuf murteessaa ta'uu ibsaniiru. Mootummaan Inisheetiviiwwan fayyadamummaa uummataa mirkaneessan hojiirra oolchaa kan jiru yommuu ta'u, Inisheetiviin Tajaajila iddoo tokkotti karaa ammayyaa'aa ta'een hawaasatti siquun Tajaajila Walqixaa kennuu irrattis xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuus himaniiru. Kantiibaan Magaalaa Shaambuu obbo Nagaroo Baanee ‘Masoob’ tajaajilli wiirtuu tokkoo kenninsa tajaajila ammayyeessuun rakkoolee bulchiinsa gaarii turan furuun amantaa uummanni mootummaarraa qabu kan dabalu ta'uu himaniiru. Masoob tajaajila wiirtuu tokkoon Tajaajiloota sekterootaa mootummaa fi dhaabbilee dhuunfaan hawaasaaf kennaman 90 foddaawwan 12'n tekinoloojiin deeggaruun kennamuu har’a eebbifamuun hojii eegale rakkoowwan ammaan dura turan akka furu ibsaniiru. Tajaajilli Wiirtuu tokkoo ‘Masoob’ hojii eegaluun deddeebii fi qisaasama yeroo hambisuun tajaajila qulqulluu fi ammayya'aa ta'e kan isaaniif kennu ta'uu jiraattootni Magaalaa Shaambuu sirna eebbaa kanarratti argaman himaniiru jechuun Waajjrri Komunikeeshinii Godina Horroo Guduruu gabaaseera.
Yuunivarsiitichi sanyii saawwan aannan fooyya’an horsiisuun qonnaan bulaa naannoosaatiif raabsaa jira
Jun 30, 2026 3548
Waxabajjii 23/2018 (ENA): Yuunivarsiitiin Amboo sanyii saawwan Aannan fooyya’an horsiisuun qonnaan bulaan naannichaa akka irraa fayyadamuuf deeggarsa gama isaatiin taasisaa jiraachuu beeksise. Yuunivarsiitii Amboo Kaampasii Gudar Maammoo Mazammiritti Itti Aanaan daarektara dhimmoota akkaadaamii Dr. Amaan Riqituu ENA’f akka ibsanitti, yuunivarsiitichi hojii baruu fi barsiisuu cinaatti, qorannoodhaan deeggaruun sanyii saawwan aannan fooyya’an horsiisee qonnaan bulaa naannoo sanaatiif akka qaqqaban taasisaa jira jedhan. Yuunivarsiitichi Aanaa Tokkee Kuttaayee waliin qindoomuun, kutaalee hawaasaa deeggarsi isaaniif malu adda baasuun, haala saawwan aannan fooya’aa kunneen itti dhiyaatan mijeessuun deeggarsa akka taasisan dubbataniiru. Kunis galii qonnaan bultootaa dabaluu bira darbee, naannichatti dhiyeessiin aannanii fi bu’aalee aannanii bal’inaan gabaadhaf akka dhiyaatu gochuu keessatti gahee guddaa taphachaa akka jiru ibsaniiru. Yuunivarsiitichi bara 2015 irraa eegalee hanga ammaatti saawwan aannan sanyiin isaanii fooyya’e 15 qonnaan bultoota naannoo sanatiif kennuu isaa dubbataniiru. Gama biraatiin, kaampasichatti hogganaan garee qorannoo horsiisa sawwan aannanii Obbo Tarreessaa Tamasgeen, yuunivarsiitichi omisha aannanii hawaasaa guddisuuf sanyii saawwan Horroo, Booranaa fi sanyii biyya alaa qorannoodhaan makuunii fi horsiisuun qonnaan bultoota naannootiif raabsaa akka jiru eeraniiru. Yeroo ammaa kanatti saawwan Aannan qorannoodhaan sanyiin isaanii fooyya’e 170 akka jiran kaasanii, isaan keessaas kurnan isaanii bara kana qonnaan bultootaaf qaqqabsiisuuf xiyyeeffannoodhaan hojjetamaa akka jiru ibsaniiru. Godina Shawaa Lixaa Aanaa Tokkee Kuttaayee irraa qonnaan bulaan Misgaanaa Lataa akka dubbatanitti, saawwan Aannanii Yuunivarsiiticha irraa isaaniif kenname irraa guyyaatti aannan hanga liitira 15 argachaa jiru. Omisha aannanii kana hawaasa naannootiif dhiyeessuun galii argataniin maatii isaanii haala gaariidhaan bulchaa akka jiran dubbataniiru.
Itiyoophiyaan guddina dinagdee dijitaalaaf bu’uura cimaa ijaaraa jirti
Jun 24, 2026 4255
Waxabajjii 17/2018 (ENA):Itiyoophiyaan guddina bu’uuraalee misoomaa, gahumsa dhaabbilee fi ogummaa dijitaalaatiin dinagdee dijitaalaaf bu’uura cimaa ijaaraa jirti jedhan gorsituu dijitaalaa Waajjira Ministira Muummee Miiriyaam Sa’iid. Mnistirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad bakka argamanitti yaa’iin ‘Itiyoophiyaan ni raawwatti’jedhu mata duree “jijjiirama irraa gara cehumsa itti fufinsa qabutti jedhu gaggeeffameera. Waajjira Ministira Muummeetti Gorsituu Dijitaalaa Miiriyaam Sa’iid; Itiyoophiyaan sirnoota kanaan dura gargar ciccitaa turan caasaa diinagdee walitti makame keessatti karaa eenyummaa dijitaalaa, kaffaltii fi waljijjiirraa daataa walitti makuun haala dandeessistuu hubannoo namtolchee (AI) ijaaraa akka jirtu himaniiru. Tajaajila mootummaa walitti hidhuu fi gahumsa lammiilee waliin guddisaa akka jiru ibsaniiru. Guddinni dinagdee dandeettii oomishaa, al-ergii fi invastimantii irratti kan hundaa’e ta’uu ibsuun, kana gara guddina fooyya’aatti jijjiiruuf sirna dijitaalaa cimsuun sirrii ta’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaan jijjiirama diinagdee bal’aa ta’een sochii diinagdee biyyattii albuudaa, qonna, magaalotaa fi bu’uuraalee misoomaa irratti haala mijeessuuf tooftaalee dijitaalaa hojiirra oolchaa jirti jedhan. Xiyyeeffannaan bu’uuraalee misoomaa tajaajila dijitaalaa saffisiisan sirna kaffaltii dinagdee keessatti bu’a qabeessa taasisuu, galmee, daldalaa fi hojiiwwan biroof haala mijeessaa jiraachuus hubachiisaniiru. Riifoormii dijitaalaa kana gara oomishtummaatti jijjiiruuf Itiyoophiyaan rakkoolee faayinaansii fi hanqina dandeettii ogummaa guddina damichaa gufachiisaa jiran furuu akka qabdu ibsaniiru. Humna hojjetaa gahumsa qabu kan teeknooloojii fayyadamuu danda’u oomishuuf hojiiwwan qulqullina barnootaa fooyyessanis hojiirra oolchaa jirti jedhan. Itti dabaluudhaanis, Inishiyeetiiviin Koodaroota Miiliyoona Shan lammiilee hedduu humneessuuf bal’inaan hojiirra oolaa jira jedhan. Itiyoophiyaan hubannoo namtolchee misoomsuu fi hojiirra oolchuuf dandeettii dhaabbilee, humna namaa fi teeknooloojii irratti xiyyeeffattee hojjechaa akka jirtus hubachiisaniiru. Itti dabaluudhaanis, Yuunivarsiitiin Namtolchee Yuunivarsiitii sadarkaa addunyaatti adda ta’ee, sirna leenjii fi qorannoo hojii waliin walqabsiisu ta’ee kan qophaa’e ta’uu ibsaniiru. #ENA_Afaan_Oromoo #ENA
Itiyoophiyaan hubannoo nam-tolcheef bu’ura dinagdee mijataa ta’e kaa’aa jirti
Jun 23, 2026 3258
Waxabajjii 16/2018 (ENA)- Itiyoophiyaan hubannoo nam-tolcheef bu’ura dinagdee mijataa ta’e kaa’aa akka jirtu waajjira ministira muummeetti gorsituun dijitaalaa Miiriyaam Se’iid ibsan. Yaa’iin “Itiyoophiyaan ni raawwatti” jedhu mata duree jijjiiramarraa gara cehumsa fulla’aatti” jedhu bakka ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad argamanitti gaggeeffamaa jira. Waajjira ministiira muummeetti gorsituun dijitaalaa Miiriiyaam Se’iid Itiyoophiyaan Kanaan dura hojmaattota bittinnaa’aa turan eenyummaa dijitaalaatiin, kaffaltii fi waljijjiirraa daataatiin caasaalee dinagdee qindaa’aa keessatti galchuun hubannoo nam-tolcheef bu’ura dinagdee mijataa kaa’aa akka jirtu dubbataniiru. Biyyattiin tajaajila mootummaa walitti fiduun akkasumas dandeettii man-dhalee waloomaan guddisuu irratti akka argamtu ibsaniiru. Itiyoophiyaan riifoormii dijitaalaa kana gara oomishtummaatti jijjiiraa akka jirtu gorsituun kun ibsaniiru.
Ispoortii
Tapha mo’anii darbuu waancaa addunyaa 23 har’a galgalaa
Jun 30, 2026 3132
Waxabajjii 23/2018(ENA): Taphoota moo’anii darbuu Waancaa Addunyaa morkiin har’a Kootdivuwaar Noorweey waliin taasiftu ni eegama. Biyyoonni lamaan morkiin har’a galgala sa’aatii 2:00 eegalee waliin taasisan hawwiin eegama. Yeroo jalqabaaf har’a kan waliin taphatan biyyoonni kunneen marsaa itti aanutti darbuuf morkii cimaa taasisuun eegama. Akkasuma halkan sa’aatii 6:00 eegalee Faransaay Siwiidiin waliin taphatti. Biyyoonni lamaan taphoota kana dura waliin taphatan 24 keessaa Faransaay yeroo 12 yoo injifattu, Siwiidiin si’a 6 injifachuun, taphoota 6 ammoo qabxii qooddataniiru. Taphoota halkan edaa fi barii kana taphatamaniin Paaraaguwaay Jarman injifachuun, Moorokoon ammoo Neezarlaandis injifachuun marsaa itti aanuuf darbaniiru.
Ijaarsi Bu'uuraalee misoomaa Itiyoophiyaa gidduu-gala ispoortii Afriikaa fi Addunyaa taasisan cimee itti fufeera
Jun 29, 2026 1915
Waxabajjii 22/2018 (ENA): Itiyoophiyaa giddu-gala ispoortii Afriikaa fi Addunyaa taasisuuf hojiileen misooma dippilomaasii fi bu'uuraalee misooma ispoortii raawwatamaa jiraachuu Ministeerri Aadaa fi Ispoortii beeksise. De’eetaan Ministira Aadaa fi Ispoortii Makiyyuu Mahaammad ENA’f akka ibsanitti,jijjiirramaa booda damee misooma ispoortiif xiyyeeffannoon kenname jijjiirrama dachaa galmeessisuu danda’eera jedhani. Waltajjiiwwan Idil-Addunyaa irratti bakka bu'insa Itiyoophiyaa guddisuudhaan bifa biyyattii ijaaruu fi dippilomaasii ispoortii jabeessuuf hojjetamaa jira jedhaniiru. Kanaanis hoggantoonni waldaalee Ispoortii biyyaalessaa 14 sadarkaa Ardii fi Idil-Addunyaatti hogganaa ta'anii tajaajilaa akka jiranii fi hojiin kun cimee akka itti fufu dubbataniiru. Itiyoophiyaanonni waltajjii dorgommii ispoortii Idil-addunyaa irratti hirmaannaa fi bu'aa qabeessummaan isaanii dabalaa jiraachuu isaas ibsaniiru. Itiyoophiyaan sagantaalee Ispoortii sadarkaa Ardii fi Idil-Addunyaa keessummeessaa jiraachuu ishee eeranii, kunis bifa biyyattii ijaaruu keessatti shoora olaanaa akka qabu ibsaniiru. Finfinnee giddu-galeessa sagantaalee isportii Afriikaa fi addunyaa gochuudhaan Itiyoophiyaa damee kanaan caalaatti fayyadamtuu taasisuuf xiyyeeffannoodhaan hojjetamaa jira jedhan. Kanaafis hojiileen babal'isuu bu'uuraalee misooma ispoortii sadarkaa isaanii eeggatan raawwatamaa jiraachuu kaasanii, Istadiyeemoonni gurguddoon shan sadarkaa idil-addunyaa akka guutan hojjetamaa jira jedhaniir
Taphoota waancaa addunyaa mo’anii darbuu 32
Jun 28, 2026 2838
Waxabajjii 21/ 2018 (ENA): Taphoonni ramaddii waancaa addunyaa 2026 qopheessummaa Ameerikaa, Kaanaadaa fi Meeksiikoon taphatamaa turan xumurameera. Ramaddii isaaniirraa biyyoonni sadarkaa 1ffaafi 2ffaan xumuran kallattiin akkasumas biyyoonni dabalataa 8 ammoo sadarkaa 3ffaa filatamoo ta’uun taphoota mo’anii darbuu 32’tti makamaniiru. Haaluma Kanaan taphni mo’anii darbuu tapha’a har’a galgala sa’aatii 4:00 irraa eegalee Kaanaadaafi Afrikaan Kibbaa taphataniin eegala. Ramaddii 3ffaa irraa olaantummaan kan xumurte Biraazil Jaappaan waliin akkasumas ramaddii 5ffaa irraa mo’attee kan darbite Jarman Paaraaguwaay waliin ramadamaniiru. Kana malees Neezerlaandii fi Moorookoo, Kootdiivaar fi Noorweey, Faransaay fi ISwiidiin, Meeksiikoofi Ikkuwaadoor, Ingiliz fi RD Koongoo akkasumas Beeljiyeem fi Seenegaal kan waliin taphatan ta’u. Ameerikaa fi Boosniyaan, Ispeen fi Oostiriyaan, Poorchugaal fi Kirooshiyaan, Siwiizarlaandii fi Aljeeriyaan, Awustaraaliyaafi Ijipt, Arjentiinaafi Keeppi Verdeen akkasumas Kolombiyaafi Gaanaan waliin ramadamaniiru.
Atileetota lafaa dhufeeyyii filachuu fi hordofuuf sirna dijitaalaatti fayyadamuun xiyeeffannoon kennameera
Jun 17, 2026 6365
Waxabajjii 10/2018 (ENA): Federeeshiniin Atileetiksii Itiyoophiyaa sirna dijitaalaa haaraa ataileetota lafaa dhufeeyyii filachuu fi hordoffiif tajaajilu dhaabbataadhaan hiiku hojiirra oolchuuf hojjechaa jiraachuu beeksise. Akkasumas, teeknooloojiin dijitaalaa dhimmoota umurii wajjin walqabatan furuu keessatti gahee olaanaa akka qabu agarsiiseera. Itiyoophiyaan biyya atileetota gootota taate, injifannoo ijoolleen ishee galmeessisaniin maqaa ishee beekamtii fi alaabaa ishee dirree addunyaa irratti ol kaasaa jirti. Haa ta'u malee yeroo dhiyoo asitti bu'aan eegamu gama atileetiksiitiin galmaa'uu dhabuun isaa ni himama. Milkaa’ina atileetiksii idil-addunyaa Itiyoophiyaa eegsisuuf jecha atileetota itti aanan oomishuun dhimma xiyyeeffannoo argachuu qabu ta’uun isaa ifaadha. Hojii gaggeessaan olaanaa Federeeshinii Atileetiksii Itiyoophiyaa Dr. Amansiisaa Kabbadaa ENA waliin turtii taasisaniin akka himanitti, milkaa’ina itti fufiinsa qabu damichaa mirkaneessuuf atileetota dargaggoota irratti xiyyeeffachuun hojii hin hafnee fi murteessaa ta’uu ibsaniiru. Kanaaf Federeeshiniin Atileetiksii atileetota itti aanan bu’a qabeessa ta’anii fi biyyaaf ulfina fidan oomishuuf tooftaalee adda addaa qopheessaa fi hojiirra oolchaa akka jiru akeekaniiru. Federeeshinichi pirojektoonni akka biyyaatti hordofu sirna madaallii wal irraa hin cinne akka hordofan hojii jalqabuu isaa, akkasumas bu’a qabeessummaan pirojektootaa guddifamee atileetota dargaggoota oomishuuf akka ta’e hubachiisaniiru. Sirni haaraan kun rakkoolee adeemsi madaallii gaarii hin taanee fi pirojektoota keessatti deeggarsa maallaqaa yeroodhaan argachuu dhabuun mul’atu fureera jechuun hubachiisaniiru. Pirojektoota keessatti atileetota dargaggootaa itti dhiyeenyaan hordofuu fi atileetota gahumsa qaban oomishuuf sirni dijitaalaa hojiirra oolaa jiraachuu akeekaniiru. Sirni dijitaalaa kun keessumaa gufuulee umuriin walqabatan sirreessuun atileetiin tokko umurii isaaf malu irraa akka hirmaatu kan taasisu ta’uu ibsaniiru. Sirni dijitaalaa kun guutumaan guututti hojirra yommuu oolu dargaggoota atileetota gahumsa qaban akka dorgomanii fi biyya bakka bu’an jajjabeessuu keessatti ga’ee ol’aanaa qaba jedhaniiru. #TOI #ENA Afaan Oromoo #
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Sagantaan Ashaaraa Magariisaa Eegumsa Naannoo fi Haaromsa Sirna-Ikkoolojiitiif gumaacha olaanaa taasisaa jira
Jul 5, 2026 1076
Waxabajjii 28/2018 (ENA):- Sagantaan Ashaaraa Magariisaa hanga bosona biyyattii dabaluudhaan eegumsa naannoo fi haaromsa sirna-ikoolojiitiif gumaacha olaanaa taasiisaa akka jiru Daarektarri Olaantuu Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Itiyoophiyaa Dr. Injiiner Lalisee Namee ibsan. Itiyoophiyaan miidhaa jijjiirama haala qilleensaarraa maddu dandamachuuf, Uwwisa bosonaa guddisuufi wabii nyaataa mirkaneessuuf kan dandeessisu sagantaa Ashaaraa Magariisaa innisheetivii Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin bara 2011 irraa eegalee sadarkaa biyyaalessaatti hojiirra oolchaa jirti. Hirmaannaa biyyaalessaa guddaa kanaan dura waggoottan dabran keessatti biqiltuuwwan bosonaa, fuduraalee fi gaaddisaa biliyoona 48 ol misoomsuun danda'ameera. Sagantaa Ashaaraa Magariisaa bara kanaan mata duree "Abdii haa dhabbannu " jedhuun sadarkaa biyyaalessaatti biqiltuuwwan biliyoona saddeet dhaabuuf karoorfamee gara hojiitti galamuun isaa ibsameera. Har'as Eejensiin Bulchiinsa Qulqullina Magaalaa Finfinnee bakka kosii gogaa itti gatan Raphii jedhamutti sagantaa Ashaaraa Magariisaa gaggeesseera. Daarektarri Olaantuu Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Itiyoophiyaa Dr. Injiiner Lalisee Namee wayita kanatti akka jedhanitti; sagantaan Ashaaraa Magariisaa naannoo faalamaa fi manca'iinsa irraa kan itti eegnu keessaa tokkodha jedhan. Waggoottan dabran keessa sagantaan Ashaaraa Magariisaa hojiirra ooleen uwwisni bosona biyyattii akka dabale ibsaniiru. Kunis eegumsa qilleensa addunyaatiif fala ta'aa dhufuu isaa dubbachuun; birmadummaa wabiinyaataa mirkaneessuu keessattis qoodasaa ba’achaa akka jiru ibsaniiru. Uwwisa bosona biyyattii dabaluudhaan eegumsa naannoo fi haaromsa sirna-ikoolojiitiif gumaacha olaanaa gumaacha akka jiru eeraniiru. Sadarkaa Itti aanaa Kantiibaatti Hojii gaggeessaa Olaanaan Magaalaa Finfinnee Injiiner Wandimmuu Seettaa gama isaaniitiin; bakka gatinsa kosii gogaa Raphiitti yeroo ammaa hojii deebisanii misoomsuu hojjetameen sodaa balaa irraa gara qabeenyummaatti jijjiiramaa dhufeera jedhaniiru. Daarektarri Olaanaan Eejensii Bulchiinsa Qulqullina Magaalaa Finfinnee Gazzaahenyi Deesisaa gama isaaniitiin; Raphiin bakka kosii gogaa itti gatan yeroo ammaa biqiltuudhaan uwwifamaa akka jiru dubbataniiru. Kanaanis yeroo ammaa deebisanii fayyadamuun gara qabeenyummaatti jijjiiramaa akka jiru eeraniiru. Hirmaattonni sagantichaa ENA’f yaada kennan; erga Ashaaraan Magariisaa jalqabamee kaasee waggaa waggaan dammaqinaan hirmaachaa akka jiran ibsuun; kanaan dura naannoo isaaniitti bakkeewwan kosii itti gatamaa turan amma deebi'anii dandamachuun biqiltuuwwan magariisaan uwwifamuusaanii dubbataniiru.
Hambaa guddaan Ijoollee keenyaaf dabarsinu Itiyoophiyaa Qulqulluu, Lalistuu, Fayyaaleettii fi Waaraa taate ta'uu qaba – Itti Aanaa ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa
Jul 5, 2026 796
Waxabajjii 27/2018 (ENA): Hambaa guddaan ijoollee keenyaaf hafu Itiyoophiyaa qulqulluu, lalistuu fi fayyaaleessaa taate ta'uu qaba jedhan Itti Aanaan ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa. Itti Aanaan Ministira Muummee sosochii biyyaalessaa "Itiyoophiyaa Qulqulluu Dhalootaaf" 3ffaa har'a jalqabsiisaniiru. Itti Aanaan ministira Muummee ergaa isaaniitiin; sochiin kun ijoollee keenyaa fi dhaloota dhufuuf biyya qulqulluu, fayyaaleessaa fi lalistuu ijaaruuf waadaa waliinii galle bifa haaraa dhaan kan haaromsinedha jedhaniiru. Faalamni pilaastikii, kosii fi sagalee dhimmoota eegumsa naannoo qofa akka hin taane ibsuun; fayyaa uummataa, indaastirii Tuuriizimii, investimentii fi carraa egeree biyya keenyaa waliin kallattiin kan walqabatan dhimmoota nageenya biyyaalessaa fi misoomaa ta'uu isaanii ibsaniiru. Marsaan sochii kanaa inni amma Axaraashaa Magariisaa (Ashaaraa Magariisaa), misooma Koriidarii fi misooma qarqara laggeenii waliin qindaa'ee kan raawwatamu yoo ta'u; jechootaan alatti bu'aawwan lakkaa'amuu danda'an, itti-gaafatamummaa dhaabbataa fi jijjiirama amala waaraa irratti akka xiyyeeffatu eeraniiru.
Jilli Hawaasa Dippilomaasii Sagantaa Dhaabbii Biqiltuu Ashaaraa Magariisaa magaalaa seena qabeettii Laallibalaatti gaggeesse
Jul 4, 2026 1576
Waxabajjii 27/2018 (ENA): Miseensonni Jila Hawaasa Dippilomaasii Sagantaa Dhaabbii Biqiltuu Ashaaraa Magariisaa Magaalaa seena qabeettii Lalibelaatti gaggeessan. Ambaasaaddaroonnii fi hoggantoonni dhaabbilee idil-addunyaa teessoo isaanii Finfinnee godhatan Ashaaraa magariisa isaanii kan UNESCO’n galmaa’e Manneen Kiristaanaa Laalibalaatti kaa’aniiru. Jilli dippilomaasii magaalaa seena qabeettii Laalibalaa daawwachaa jiru kun kaleessa Waldoota addunyaa irratti beekamoo ta’an dhagaa tokko irraa bocaman daawwataniiru. Daawwannaa isaaniitiin alattis har’a iddoo hambaa ta’e bataskaana Laalibalaa kanatti ashaaraa isaanii kaa’aniiru. Jilli kun biqiltuu dhaabuun isaa sagantaa ashaaraa magariisaa Itiyoophiyaa yoo ta’u, kunis ajandaa misooma addunyaa kan hambaalee fi eegumsa naannoo walitti fidu ta’uu ibsameera. Daawwannaan kun Itiyoophiyaan bakka turistootaaf nageenyaafi hawwataa ta’uu ishee addunyaaf kan agarsiise yoo ta’u, damee turizimii haaromsuuf carraa guddaa uumeera. Bakka bu’oonni hawaasa addunyaa bakka hambaa kana irratti biqiltuu dhaabuun isaaniis akka agarsiisa tumsa addunyaa hambaalee addunyaa kunuunsuu fi jijjiirama qilleensaa waliin qolachuutti ilaalama.
Itiyoophiyaan sagantaalee tarsiimoo eegumsa naannoo hojiirra oolchuun bu'aa qabatamaa galmeessisaa jirti - Ministira Fitsum Asaffaa
Jul 4, 2026 847
Waxabajjii 27 /2018 (ENA): Itiyoophiyaan qormaata naannoo fi jijjiirama qilleensaa hiikuun imaammataa fi sagantaalee tarsiimoo misooma itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf bu’a qabeessa ta’een hojiirra oolchuun bu’aa qabatamaa galmeessisaa jirti jedhan Ministirri Karooraa fi Misooma Dr. Fitsum Asaffaa Biyya qulqulluu, fayyaa fi magariisaa dhaloota itti aanuuf dabarsuudhaaf kan eegalame duulli “Itiyoophiyaa Qulqulleettii Dhalootaaf” akka biyyaatti gaggeeffamaa ture marsaa sadaffaa har’a bakka itti aanaan ministira muummee obbo Tamasgeen Xurunaa argamanitti ifatti eegalameera. Ministirri Ministeera Karooraa fi Misooma Dr. Fitsum Asaffaa Duula Itiyoophiyaa qulqulluu jedhu marsaa sadaffaan bu’aa marsaa lamaan darban keessatti argame bal’inaan babal’isuun misooma itti fufiinsa qabuu fi eegumsa naannoo biyyattiif dandeettii guddaa kan uumu ta’uu ibsaniiru. Sochiin kun lammiileef naannoo fayya qabeessaa fi qulqulluu ta’e uumuu fi Itiyoophiyaa qulqulluu dhaloota dhufuuf dabarsuuf kutannoo waloo ta’uu ibsaniiru. Babal’inni magaalaa, balfi pilaastikii baay’achaa dhufuu, keemikaalota balaafamaa fi balfa sirnaan bulchuu dhabuun, faalama sagalee fi rakkoolee naannoo biroo fayyaa lammiilee, nageenya naannoo fi imala keenya gara misooma itti fufiinsa qabuutti qormaata ta’uu ibsaniiru. Mootummaan Itiyoophiyaa qormaata naannoo fi jijjiirama qilleensaa hiikuun misooma itti fufiinsa qabu mirkaneessuuf imaammataa fi sagantaalee tarsiimoo hedduu hojiirra oolchaa jira jedhan. Daarektarri Olaantuu Abbaa Taayitaa Eegumsa Naannoo Dr. Injiinar Lalisee Namee akka jedhanitti, Sochiileen Itiyoophiyaa Qulqullina marsaa lamaan darban gaggeeffaman eegumsa naannoo irratti bu’a qabeessa ta’uu ibsaniiru. Marsaa jalqabaatiin namoota miliyoona 15 ol kan ,marsaa lammaffaatiin ammoo mala miidiyaa adda addaatiin namoota miliyoona 54 ol qaqqabsiisuun abbummaan akka hirmaatan taasifameera jedhani. Sochiin kun marsaa 3ffaan faalama pilaastikii, ittisa keemikaalota balaafamaa fi balfa balaafamaa, akkasumas ittisa faalama sagalee irratti kan xiyyeeffate ta’uu hubachiisaniiru. Sochiin Itiyoophiyaa Qulqulleettii eegumsa naannoo bu’uura kaa’aa jiraachuu ibsuun, milkaa’inni isaas hirmaannaa ummataa cimaa fi kutannoo waloo akka barbaadu ibsaniiru.
Gabaasa addaa
Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti - Itti aanaa Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa
Jun 9, 2026 11629
Waxabajji 2 /2018 (ENA): Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti jedhani itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan muummee ministiraa Pirojektoota misoomaa adda addaa magaalaa Woldiyaatti ijaaraman eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Yeroo eebba kanaatti pirojektoonni misoomaa eebbifaman imala biyyattiin gara fuulduraatti taasiftu kan agarsiisan yoo ta’u, guddinni Itiyoophiyaa eenyullee dhaabuu akka hin dandeenye kuni ragaadha jedhan. Itti aanaan ministira muummee kun ummanni magaalaa Woldiyaa finxaaleyyii fi qoqqoodinsa mormuudhaan kan beekamu ta’uu ibsuun, filannoon isaanii irra deddeebiin nagaa fi mootummaa cimaa ta’uu isaa kan argisiisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan baandota irratti qabsaa’aa jira jedhani. Waggoota 50 fi 60 darbaniif warri yaada dulloomaatiin qabaman guddina ariifataa biyyattii hubachuu akka hin dandeenyes ibsaniiru. Warri bosona keessa jiran jijjiirama guddaa biyyatti dhufe kan akka misooma koridarii, maaddii guutuu, pirojektoota misoomaa fi oomisha qamadii arguu akka hin dandeenye dubbataniiru. Misoomni koridarii magaalota keessatti gaggeeffamaa jiru dhimma bareedinaa qofa osoo hin taane magaalota ammayyeessuun sadarkaa jireenyaa ummataa ol kaasuuf kaayyoo ta’uu ibsaniiru. Magaalonni Itiyoophiyaa magaalota Baha Afriikaa fi addunyaa waliin dorgomuu akka qaban ibsaniiru; akkasumas tajaajila ammayyeessuuf tajaajilli giddugala tokkoo guutuu biyyattiitti babal’achaa akka jiru hubachiisaniiru. Manneen kitaabaa ummataa, manneen kitaabaa dijitaalaa fi kaffeewwan saayinsii magaalaa Woldiyaatti ijaaraman odeeffannoo guyyaa guyyaa irraa gara beekumsaa fi qorannoo gadi fagootti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan, abbootii qabeenyaa fi ummanni pirojektoota misoomaa eegalaman gara baadiyyaatti babal’isuun badhaadhina biyyattii dhugoomsuuf waliin hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 13495
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.