ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Milkaa’inoonni Misooma Itiyoophiyaa guddina dinagdee riijinii kan si’achiisanidha-Pirezidaantii Jibutii Ismaa’el Omaar Giilee
Jan 31, 2026 20
Amajjii 23/2018(ENA)- Milkaa’inoonni Misooma Itiyoophiyaa guddina dinagdee riijinii kan si’achiisan ta’uu Pirezidaantiin Jibutii Ismaa’el Omaar Giilee ibsan. Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad pirezidaantiin Jibutii Ismaa’eel Omaar Giilee, pirezidaantiin Somaaliyaa Sheek Hasan Mahaammud bakka argamanitti Riizoortii Shabalee eebbisaniiru. Wayita kana pirezidaantiin Jibutii Ismaa’el Omaar Giilee, Riizoortiin Shabalee walitti hidhaminsa turizimii riijinii kan cimsu bu’aa misoomaati jedhaniiru. Riizoortiin Shabalee pirojektii misoomaa bakka hawataa dinqisiisaa misooma turizimii riijinii kan guddisu ta’uu dubbataniiru. Pirojektichi walitti hidhamiinsa dinagdee caalaatti guddisuun faayidaa guddaa akka qabaatu dubbataniiru. Ummanni naannoo Somaalees nagaasaa eeggatee bu’aaleen misoomaa fayyadama ummataa mirkaneessan akka dhufan gumaachi taasise kan jajamu ta’uu ibsaniiru. Fuulduras dhalattoonni naannichaa biyya keessaa fi biyya alaa jiraatan fayyadama misoomaa Itiyoophiyaa fi biyyoota riijinichaa mirkaneessuuf tattaaffii taasifamu keessatti qoodasaanii bahachuu akka qaban hubachiisaniiru.
Maddi anniisaa qilleensaa Ayishaa-2 tarsiimoo keenya wabii anniisaa mirkaneessuuf hojjennu kanneen ijoo ta’an keessaa isa tokkodha-Ministira muummee doktar Abiyyi Ahimad
Jan 31, 2026 21
Amajjii 23/2018 (ENA)- Maddi anniisaa qilleensaa Ayishaa-2 tarsiimoo keenya wabii anniisaa mirkaneessuuf hojjennu kanneen ijoo ta’an keessaa isa tokko ta’uu ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad ibsan. Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, pirojektiin madda anniisaa qilleensaa Ayishaa-2 guyyaa har’aa ifatti eebbifamee tajaajila eegaluusaa ibsaniiru. Pirojektiin guddichi naannoo Somaaleetti argamu kun tarsiimoo keenya wabii anniisaa mirkaneessuuf hojjennuuf isa ijoodha jedhaniiru. Pirojektiin kun dandeettiin inni waggaatti oomishuu danda’u sa’aatii tokkotti Giigaa Waattii 467 (GWh) yoo ta’u, teknooloojiiwwan ammayyaa SCADA fi SVG fayyadamuun dhiheessii anniisaa tasgabbaa’aa fi ijaarsa dinagdee teeknooloojiin durfamuuf qooda olaanaa akka bahatu dubbataniiru. Dhiheenyi biyyoota ollaaf qabu milkaa’ina galma Itiyoophiyaa wiirtuu daldalaa Afriikaa bahaa gochuuf qabameef tarkaanfii guddaa qabatamaan mirkanaa’e ta’uu ibsaniiru. Qabeenya uumamaa Itiyoophiyaa qajeelfama ida’amuu gara qabeenya walootti jijjiiruuf gaanfa Afriikaa qaamaa fi dinagdeen caalaatti walitti hidhuuf kutannee kaaneerra jechuun ibsaniiru ministirri muummee ergaa dabarsaniin.
Galmoota imaammata qonnaa fi misooma baadiyyaatiin kaa’aman milkeessuuf hirmaannaan taassifame birmadummaan nyaataa akka mirkanaa’uuf bu’uura kaa’eera
Jan 31, 2026 21
Amajjii 23/2018(ENA)- Galmoota imaammata qonnaa fi misooma baadiyyaatiin kaa’aman milkeessuuf hirmaannaan taassifame birmadummaan nyaataa akka mirkanaa’uuf bu’uura kaa’uusaa ministirri qonnaa Addisuu Araggaan ibsan. Gamaaggamni raawwii hojii baatii 6 ministeera qonnaa fi dhaabbilee itti waamamtootaa magaalaa Adaamaatti gaggeessaa jira. Obbo Addisuu Araggaa waltajjicharratti akka ibsanitti, baatiiwwan ja’an darban damee Qonnaa ceesisuuf hojiiwwan hojjetaman bu’aa qabeessa turan. Hojiiwwan dhiheessii galtee Qonnaa, Makaanaayizeeshinii Qonnaa, fooya’insa sanyii, eegumsaa fi kunuunsa qabeenya uumamaan hojjetamaniin bu’aan abdachiisaan galmaa’uu kaasaniiru. Omishaa fi omishtummaa guddisuuf bittaan xa’oo biyyee raawwatamuu fi Qonnaan bulaaf raabsamaa jiraachuu eeruun, misooma Qamadii Boneen lafti hektaarri Miiliyoona 3 tuqaa7 sanyiin facaa’uu dubbataniiru. Makaanayizeeshinii qonnaa babal’isuuf baatiiwwan ja’an darban dureeyyiin 147 lafa hektaaraa kuma 101 fudhatanii misoomsuu eegaluusaanii himaniiru. Sanyii Beelladaa fooyyessuunii fi omishaa fi omishtummaa guddisuuf hojii hojjetameen bu’aan argamuu eeruun, walakkaa waggaatti cuuciin guyyaa tokkoo miiliyoona 70 raabsamuusaanii beeksisaniiru. Dabalatanis, horiin gaafaa miiloyoona 2 tuqaa 6 diqalomsuu fi hojiin nam-tolcheen sanyii fooyyessuu hojjetamuu ibsaniiru. Hojii misooma suluulaa, qaphii biqiltuu Ashaaraa magariisaa walitti hidhuun hojiin misooma eegumsa naannoon bu’aan boonsaan galmaa’aa jira jedhaniiru. Bara baajatichaa baatiiwwan ja’an darbanitti Al-ergii Omisha qonnaarraa galiin doolarri biiliyoona 2 ol argamuu eeruun, argamsa sharafa Alaaf bunni sadarkaa olaanaa akka qabu dubbataniiru. Imaammani qonnaa Yaadamoota ammaan dura hin turre kan qabate ta’uusaan bu’aan damichaan argamuuf qooda olaanaa bahateera jedhaniiru. Hojiiwwan misooma Qonnaa bara baajatichaatti eegalaman caalaatti babal’isuunii fi omishaa fi omishtummaa guddisuun birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf karoora qabame milkeessuuf hirmaannaan taasifamu cimee akka ittifufu ibsaniiru. Ministira Qonnaatti Gorsaa olaanaan Hordoffii fi Gamaggamaa Tsahaayuu Gaarradaachoo gabaasa dhiheessaniin waggoottan shanaan darban omishtummaa damichaa guddisuuf hojii hojjetameen oomisha waggaa kuntaala biiliyoona 1 tuqaa 5 geessisuu danda’amuun hubachiisaniiru. Qonnaan bultoonni fayyadamoo Ekisteenshinii qonnaa duraan turan miiliyoona 9 tuqaa 2 irraa gara miiliyoona 14 tuqaa 2tti guddachuusaa ibsaniiru. Waltajjichaan raawwiin hojii baatii 6 bara bajataa 2018 naannoolee gamaggamaamaa jira. #Ena Afaan Oromoo
Magaalaan Finfinnee magaalaa Aadaan Sab-lammootaa keessatti ibsamuu fi Magaala fakkeenya waloomaa fi sab-daneessummaati
Jan 31, 2026 34
Amajjii 23/2018(ENA)-Magaalaan Finfinnee magaalaa Aadaan Sab-lammootaa keessatti ibsamuu fi fakkeenya waloomaa fi Sab-daneessummaa ta’uushee Itti aanaa Kantiibaa fi hogganaan biiroo Misooma Industirii Jaanxiraar Abbay ibsaniru. Biiroon Aadaa fi Og-Aartii Finfinnee mata duree “Finfinnee Moozaayikii Aadaa fi kalaqaa” jedhuun Festivaala Aadaa 17ffaa sadarkaa Magaalaatti Amajjii 23 hanga 25 bara 2018tti kabajamurratti haasaa baninsaa taasisaniiru. Obbo Jaanxiraar Abbay wayita sana akka jedhanitti, Aadaan guddina biyya tokkoof bu’uuradha. Magaalaan Finfinnee Aadaan sabaa, sabootaa fi ummattoota hundaa kan itti calaqqisu magaalaa fakkeenya waloomaa fi sabdaneessummaati jedhaniiru. Hojiiwwan misoomaa magaalichatti hojjetamaa jiran Aadaa, Kalaqa, Og-Aartii fi Ispoortii giddu galeeffatanii akka misoomanii fi beekaman carraa gaarii kan uuman ta’uusaanii eeraniiru. Guddina damichaaf Magaalittiin xiyyeeffannoo kennitee hojjechaa jiraachuu ibsuun bakkeewwan shaakala ispoortii hedduun, bakkeewwan bashannanaa guddina damee og-aartii qooda olaanaa qaban ijaaramuusaanii ibsaniiru. Hoggantuun biiroo Aadaa fi og-Aartii Finfinnee Doktar Hiruut Kaasaawu Aadaa, duudhaa fi hambaalee adda addaa Finfinneetti argaman hawata Turizimii akka ta’aniif beeksisuuf tattaaffiin taassifamaa jira jedhaniiru. Festivaalli Aadaa sadarkaa Magaalaa sonawwan aadaa keenyaa misoomsuunii fi beeksisuun sab-daneessuumaan keenya akka cimu gochuuf kan kaayyeffate ta’uu ibsaniiru.
Itti Aanaan Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa sirna kabajaa fi agarsiisa waldaa gugsii fardaa Agawoo 86ffaa irratti ni argamu
Jan 31, 2026 32
Amajjii23/2018(ENA)-Itti Aanaan Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa sirna kabaja Waldaa gugsii fardaa fi agarsiisaa Agawoo waggaa 86ffaarratti akka argaman ibsaniiru. Itti Aanaan Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa ergaa fuula Miidiyaa Hawaasummaasaaniin dabrsaniiin biyya goototaa, gaarummaa, waloomaa fi ibsituu jaalalaa, lalistummaashee fi hunda omishuusheen kan beekamtu bulchiinsi Godina sab-Lammii Awwii Magaalaa guddoo Godinittii Ijibaaraa seenneerra jedhaniiru. “Adiinaas” jechuun fuula ifaan kan nu simatan, keessummaa akka kennaa uumaatti kabajanii keessummeessuun aadaasaanii ganamaa fi jaalalasaanii qabatamaan kan nutti agarsiisan uummata Agawoo hundaaf galata onneerraa madden dhiheessaaf jedhaniiru dhaamsasaaniin . Itti Aanaan Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa itti dabaluun jaalalaa fi kabaja nutti argisiistaniif kabaja guddaa isiniif qabna jechuun ibsaniiru. Turtiisaaniin kabajaa fi faaya Itiyoophiyaa kan ta’e, seenaa Gootummaa Awwii , Aadaa fi gootummaa kan ragaa bahu sirna kabaja waldaa gugsii fardaa fi agarsiisaa Agawoo waggaa 86ffaarratti akka argaman eeraniiru.
Siyaasa
Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad pirezidaantii Jibutii Ismaa’el Omaar Giilee fi pirezidaantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammud Jigjigaatti simatan
Jan 31, 2026 41
Amajjii 23/2018(ENA)- Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad pirezidaantii Jibutii Ismaa’el Omaar Giilee fi pirezidaantii Somaaliyaa Hasan Sheek Mohaammud Buufata Xiyyaaraa Jigijigaatti har’a ganama simachuusaanii waajjirri Ministira Muummee beeksiseera.
Lammiileen Itiyoophiyaa Biyya Alaa jiraatan milkaa’ina Ajandaa marii Biyyoolessaa walitti qabuu fi hirmaattota adda baasuun qooda olaanaa bahaniiru
Jan 30, 2026 131
Amajjii 22/2018(ENA)- Itiyoophiyaanotaa fi dhalattoota Itiyoophiyaa biyya alaa jiraatan milkaa’ina Marii biyyaalessaaf Ajandaa walitti qabuu fi hirmaattoota adda baasuun qooda olaanaa gumaachuusaanii Tajaajilli Diyaasporaa Itiyoophiyaa ibse. Mariin biyyaalessaa Itiyoophiyaa dhaloota dhufuuf biyya fooyyofte dabarsuun injifannoo Adawaa 2ffaa gonfachuuf carraa murteessaa ta’uu Yunaayitid Kingideemitti hawaasni tokkummaa Itiyoophiyaa Berningihaam ibsan. Mariin biyyaalessaa Itiyoophiyaa Naannooleetti, Bulchiinsota magaalaa lamaanitti fi lammiilee biyya alaa jiraatan irraa Ajandaa walitti qabaa fi hirmaattota adda baasaa turuunsaa ni yaadatama. Waltajjiin marii ajandaa walitti qabuu fi hirmaattota adda baasuu Lammiilee Itiyoophiyaa biyyoota alaa Afriikaa Kibbaa, Amerikaa kaabaa, Kanaadaa, Imireetota Araboota Gamtoomanii, Siwiidinii fi Ingiliz jiraataniif qophaa’e milkaa’inaan gaggeeffameera. Hirmaattonni waltajjichaa Ajandaawwan dhimma biyyaaratti qaban adda baasuun komishinichaaf kennuun bakka bu’oota isaanii filataniiru. Daarektarri Olaanaan Tajaajila Diyaasporaa Itiyoophiyaa Ambaasaaddar Fitsum Araggaa ENA’f akka ibsanitti, lammiileen biyya alaa jiraatan misooma biyyasaaniif hirmaannaa cimaa taasisuun adeemsa marii biyyaalessaaf shoora olaanaa bahaa jiru. Biyyoota Addunyaa adda addaarratti waltajjii marii ajandaa walitti qabuu fi hirmaattota adda baasuu gaggeeffameen hawaasni diyaasporaa hedduun qoodasaanii bahuusaanii ibsaniiru. Biyyoonni adda addaa wal dhabdee siyaasaa isaan mudate marii biyyaalessaan furmaata kennuun guddina saffisiisuun mootummaa cimaa ijaarrachuusaaniii ibsaniiru. Itiyoophiyaa tokkummaa sab-daneessummaan faayamtee ijaarsa mootummaa cimaaf oolchuuf marii biyyaalessaatiin walii gatee biyyaalessa cimsuun barbaachisaa ta’uu ibsaniiru. Waltajjiin Marii ajandaa walitti qabuu fi hirmaattota adda baasuu Yunaayitid Kingidamitti gaggeeffame yaadota murteessoo biyyaaf barbaachisan kaasuusaanii ibsaniiru. Waltajicharrattis yaadota ijaarsa mootummaa cimaa Itiyoophiyaaf barbaachisan kaasuun hirmaannaa cimaa gaggeessuusanii ibsaniiru. Mariin biyyaalessaa Itiyoophiyaanonni waldhabdee karaa qaroomeen mariin furmaata kennuun injifannoo Adwaa 2ffaa dabaluuf carraa murteessaa ta’uu dubbataniiru. Gara fuula duraattis carraa marii biyyaalessaa argame sirnaan fayyadamuun guddina biyyaa fi ijaarsa biyyaalessaaf fayyadamuuf tumsan akka hojjetan hubachiisaniiru.
Kutaan Hawaasaa hundi Filannoo biyyaalessaaf hirmaannaa cimaa akka taasisu hojjetamaa jira
Jan 30, 2026 124
Amajjii 22/2018(ENA)-Filannoo Biyyoolessaa torbaffaarratti Kutaan Hawaasaa hundi hirmaannaa cimaa akka taasisu hojjetamaa jiraachuu kutaan Hawaasa Siivikii adda addaa beeksisan. Hojii gaggeessaa Olaanaan Waldaan Qaama Miidhamtootaa Ogeeyyii seeraa Itiyoophiyaa Musee Xilahuun akka ibsanitti, adeemsa Filannoo keessatti sirna Dimokiraasii ijaaruuf Qaama miidhamtoota dabalatee hirmaannaan kutaan hawaasaa hundaa murteessaadha. Haaluma Kanaan filannoo biyyoolessaa 7ffaa qooda fudhattoota waliin qindaa’uun hirmaannaa ho’aa akka qabaataniif hojjetamaa jiraachuu ENA’f ibsaniiru. Pirezidaantiin Waldaa Dubartoota Magaalaa Finfinnee Innaataalam Indaalaa, Filannoo biyyaalessaa bara kanaa gurmaa’insa sirna Dimokiraasii dagaagsan uumuun hirmaannaa cimaa dubartootaa mirkaneessuuf hojiin hubannaa uumuu hojjetamaa jiraachuu mirkaneessaniiru. Kanaanis Miseensonni waldichaa kuma 2 ol ta’an filannicha taajjaabuuf galmaa’uun itti gaafatamummaasanii bahuuf qophaa’uusaanii eeraniiru. Gara fuuladuraattis yaada filmaataa paartiileen siyaasaa dhiheessanii fi qooda dubartoonni filannoo biyyaalessaaf qabaatan cimsuuf leenjiin akka mijeeffamu dubbataniiru. Paarsiileen Siyaasaa Sagantaasaaniin dargaggootaaf xiyyeeffannoo akka kennaniif Pirezidaantiin Waldaa Dargaggootaa Magaalaa Finfinnee Barakat Birbirsaa ibsaniiru. Waldichi filannichi hirmaannaa dargaggootaa guddisuuf sagantaa barnootaa fi leenjii adda addaan hojii hubannaa uumuu hojjechaa jira jedhaniiru. Boordiin filannoo Biyyoolessaa Itiyoophiyaa filannoon biyyoolessaa 7ffaa Caamsaa 24 bara 2018 gaggeessuuf sagantaa baasee hojjechaa jiraachuunsaa ni beekama
Carraalee dinagdee fi daldalaa bal’isuudhaan Afriikaa badhaate ijaaruuf tumsaan ni hojjenna
Jan 28, 2026 179
Amajjii 20/2018 (ENA)- Gamtaan Afriikaa fi Ameerikaan carraalee dinagdee fi daldalaa bal’isuudhaan Afriikaa badhaate ijaaruuf tumsaan akka hojjetan ibsan. Dura taa’aan komishinii gamtaa Afriikaa Mahaammud Alii Yusuuf dhimmoota nageenyaa fi misoomaa tumsaan hojjechuun danda’amurratti itti aanaa ministira dhimma alaa Ameerikaa Kiriistoofar Tii Landawu walaiin mari’achuun ibsa wlaoo kennaniiru. Dura taa’aan komishinii gamtaa Afriikaa Mahaammud Alii Yusuuf, Afriikaan ardii kennaawwanii fi qabeenya hedduun guutamtedha jedhaniiru. Qab Carraalee dinagdee fi daldalaa bal’isuudhaan Afriikaa badhaate ijaaruuf tumsaan ni hojjenna eenya Afriikaan qabdu fayyadama lammiisheef oolchuuf hojiilee hojjetaman keessatti ardiin Afriikaa tumsa beekumsaa, ogummaa, gabbisa dandeettii fi teeknooloojii Ameerikaa ni barbaaddi jedhaniiru. Biyyoonni miseensa gamtichaa dandeettii keessoo isaanii cimsuudhaan, karaa hawaasa siviilii fi daldalaatiin sagantaalee misoomaa maallaqa ofiisaaniitiin deeggaruudhaan dandeettii abdi qabeessa guddifachaa akka jiran dubbataniiru. Sirni dippilomaasii fi tumsaa gama hedduu cimee itti fufuu haala danda’amurratti mari’achuusaaniis ibsaniiru. Itti aanaa ministira dhimma alaa Ameerikaa Kiriistoofar Tii Landawu gamasaaniin, gamtaan Afriikaa nageenyaa fi misooma dinagdee Afriikaa mirkaneessuuf biyyoota miseensaa waliin ta’uun qooda olaanaa bahaa jira jedhaniiru. Gamtaan Afriikaa fi Ameerikaan dhimmoota nageenya waloo, nageenyaa fi badhaadhina ilaalchisee dhimmoota tumsaan hojjechuu danda’anirratti marii gaarii gochuusaanii ibsaniiru. Afriikaan badhaate jiraachuunshee Ameerikaafis faayidaa akka qabu eeranii, carraalee dinagdee fi daldalaa dilbii qabdu waloomaan faayidaarra oolchuuf ni hojjenna jedhaniiru. Ameerikaan qajeelfama fayyadama waloo jedhu akka qabdu kaasuun, carraalee guddina dinagdee guddisuuf kutannoon akka hojjettu mirkaneessaniiru. Daawwannaan ajajaa Izzii Afriikaa Jeneraal Andarsan waliin taasisanis kutannoo Ameerikaan nagaa fi tasgabbii ardii Afriikaa eegsisuuf qabdurraa kan maddu akka ta’e himaniiru. Afriikaanonno rakkoosaanii ofumasaaniin furuu akka danda’an dubbatanii, eenyuyyuu dhimma keessoo Afriikaa keessa galuu akka hin qabaanne ni amanna jedhaniiru.
Yaa’ii Hoggantoota Gamtaa Afriikaa 39ffaan Milkaa’inaan akka gaggeeffamuuf qophiin barbaachisaan taassifameera – Poolisii Federaalaa Itiyoophiyaa
Jan 28, 2026 130
Amajjii 20/2018(ENA)-Yaa’iin Hoggantoota Gamtaa Afriikaa 39ffaan milkaa’inaan akka gaggeeffamuuf qophii barbaachisaa taasisuu Poolisiin Federaalaa Itiyoophiyaa beeksise. Itti Aanaan Komishinar jeneraalaa Ajajaa qajeelcha waliigalaa Ittisa yakkaa Poolisii Federaalaa Itiyoophiyaa Malaakuu Faantaa ENA waliin turtii taasisaaniin, walga’iiwwan gurguddoo Addunyaa Magaalaan Finfinnee keessummeessitu milkaa’inaan akka xumuramaniif dhaabbatichi kutannoon hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Baatiiwwan ja’an darban walga’iin hoggantoonni biyyoota adda addaa, Hogganttoonni dhaabbilee Idil Addunyaa fi Dippiloomaatonni olaanoon hedduun irratti hirmaatan magaalichati gaggeeffamuusaa ibsaniiru. Waltajjiiwwan kunneen rakkoo tokko malee Milkaa’inan xumuramuun haala qophii poolisii fi dhaabbilee nageenyaa biroo kan agarsiisu ta’uu eeraniiru. Itiyoophiyaan waltajjiiwwan gurguddaa Hoggantootni biyya Alaa hedduu fi Miseensi Hawaasa dippiloomaatikii irratti hirmaatan qopheessuuf muuxannoo guddaa qabaachuushee eeraniiru. Yaa’iin Gamtaa Afriikaa 39ffaan Magaalaa Finfinneetti Milkaa’inaan gaggeessuuf qophiiwwan barbaachisoon yaa’ichaan dura raawwatamuu qaban milkaa’inaan Xumuramuu ibsaniiru. Nageenya Hoggantootaa fi keessummoota biyyoota adda addaarraa yaa’ichaarratti hirmaachuuf gara Finfinneetti dhufan haala Amansiisaa ta’een eeguu, sochii nageenyaa fi tiraafikaa qindeessuun dhimma murteessaa ta’uu dubbataniiru. Qaamolee Nageenyaa biroo waliin qindoomuun haala sadarkaa biyyattii gituun tasgabbii biyyattii mirkaneessuuf hojiin nagaa fi tasgabbii qindominaan akka raawwatamu ibsaniiru. Yeroo keessummoonni gara biyyaatti seenanii eegalee hanga yaa’icha xumuranii gara biyyasaaniitti deebi’anitti eegumsaa fi tajaajiloota barbaachisoo biroo si’ataa fi amansiisaa kennuuf qophiin xumuramuu beeksisaniiru. Yaa’iin Hoggantyoota Gamtaa Afriikaa waltajjii Dippiloomaasii guddaa waggaa waggaan Magaalaa Finfinneetti gaggeeffamu yoo ta’u, qophiin qaamolee nageenyaa milkaa’ina yaa’ichaaf shoora olaanaa bahata jedhaniiru. Yaa’iin Hoggantoota Gamtaa Afriikaa 39ffan Guraandhala 7 fi 8 bara 2018 mata duree“dhiheessii Bishaanii fulla’aa fi sirna eegumsa qulqullinaa nageenyisaa eegame mirkaneessuun, Milkaa’ina galma ajandaa bara 2063f” jedhuun Waajjira Muummee Gamtichaa Magaalaa Finfinneetti gaggeeffama.
Naannoo Harariitti bu’aalee damee hundaan galmaa’an itti fufsiisuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu qaba- Pireesidaanti Ordiin Badirii
Jan 27, 2026 160
Amajji 19/2018(ENA) - Naannoo Harariitti bu’aalee damee hundaan galmaa’an itti fufsiisuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabu Pireesidaantiin bulchiinsa mootummaa naannoo Hararii Ordiin Badirii ibsani. Manni Maree Biyyaalessaa Naannoo Hararii Yaa’ii idilee 1ffaa marsaa 6ffaa, waggaa 5ffaa guyyaa har’aa gaggeesseera. Konfiransiin kun hojiiwwan ji’oota jahan darban gama kunuunsa hambaalee fi hojiiwwan guddina afaan Hararii irratti hojiilee hojjetaman karaa waajjiraalee hambaalee aadaa, turizimii fi biiroolee barnootaa naannootiin hojjetaman gamaaggameera. Obbo Ordiin Badiriin wayita sana akka jedhanitti, dameelee hundaan baatiiwwan jahan darbanitti hojiilee hojjetaman bu’aa qabeessa dha. Naannichatti kunuunsa hambaalee fi afaan Hararii guddisuuf hojiileen hojjetaman kan jajjabeeffamani dha jedhaniiru. Keesattuu hambaa idil addunyaa kan ta’e Jagool eeganii tursiisuun dhalootaaf dabarsuun kuni hojii bu’a qabeessa ta’uu eeraniiru. Naannichatti hojiileen misoomaa hojjetamaa jiran kan fayyadamummaa hawaasummaa fi dinagdee kan mirkaneessanii fi lammiileef abdii kan kennan ta’uu ibsaniiru. Haa ta’u malee hojiilee misoomaa naannichaa gufachiisuuf humnoonni socho’an jiraachuu eeruun, finxaaleyyii kanneen irratti qabsaa’uun hojiilee misoomaa jalqabaman cimsinee itti fufna jedhani. Kanaafuu hojiilee misoomaa jalqabaman irratti tokkummaa yaadaa fi ilaalchaa dagaagsuunii fi hawaasa hojii misoomaa eegalame irratti abbummaan keessatti hirmaachisuun hojiileen hojjetamaa turan cimanii itti fufuu akka qabanis dubbataniiru. Waltajjichi dhimmoota adda addaa irratti mari’achuun murteewwan garagaraa dabarsuun xumurameera.
Bu’aaleen teeknooloojii loltummaa abjuu olaantummaa Itiyoophiyaa bara fagoo dhiheenyatti qabatamaan akka akka milkeessinu kan mirkaneessanidha-Itti aanaa ministira muummee Tamasgeen Xurunaa
Jan 27, 2026 199
Amajjii 19/2019(ENA)- Bu’aaleen teeknooloojii loltummaa eksipoo human qilleensaa Itiyoophiyaa irratti mul’atan abjuu olaantummaa Itiyoophiyaa bara fagoo dhiheenyatti qabatamaan akka akka milkeessinu kan mirkaneessanidha jedhan itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan ministira muummee Tamasgeen Xurunaa eksipoo humna qilleensaa idil addunyaa daawwataniiru. Itti aanaan ministira muummee ergaa dabarsaniin imalli waggoota 90 humna qilleensaa Itiyoophiyaa injifannoo fi gootummaan qofa kan daangeffame hin turre, bu’aa kalaqaa fi olaantummaa teeknooloojii illee of keessaa qaba. Eksipoo human qilleensaa idil addunyaa waajjira muummee human qilleensaatti baname irratti wanti argine kanuma mirkaneessa jedhaniiru. Bu’aaleen teeknooloojii loltummaa eksipoo kanarratti argine abjuu olaantummaa bara dheeraa dhiheenyatti qabatamaatti akka milkeessinu kan mirkaneessanidha jedhaniiru itti aanaan ministira muummee ergaa dabarsaniin.
Humni Qilleensaa Itoophiyaa Asxaa Birmadummaa fi tokkummaa baraa baratti darbedha – Itti Aanaa Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa
Jan 25, 2026 391
Amajjii17/2018(ENA)- Humni Qilleensaa Itoophiyaa waggoottan 90f cichoomaan Daangaa qilleensa hin sarbane eeguun seenaa birmadummaa samiirratti barra’e, mallattoo birmadummaa fi tokkummaa baraa baratti ce’e dhajechuun Itti Aanaa Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa ibsan. Humna qilleensaa Itiyoophiyaaf samiin daangaa isatti ta’ee hin beku, Ashaaraa gootummaasaa kan itti mul’isu, gahumsa isaa kan itti madaaluu fi Dirree taphaa birmadummaa biyyaa kan itti labsudha jedhan Itti Aanaan Ministira Muummee ergaa fuula miidiyaa Hawaasummaasaaniin dabarsaniin. Qajeelfamsaa “Samiin kan keenyadha” jedhuun waggaa 90ffaa labseera. Sagaltamni lakkoosaan oli kan jennu sababa malee miti.

Hawaasummaa
Magaalaan Finfinnee magaalaa Aadaan Sab-lammootaa keessatti ibsamuu fi Magaala fakkeenya waloomaa fi sab-daneessummaati
Jan 31, 2026 34
Amajjii 23/2018(ENA)-Magaalaan Finfinnee magaalaa Aadaan Sab-lammootaa keessatti ibsamuu fi fakkeenya waloomaa fi Sab-daneessummaa ta’uushee Itti aanaa Kantiibaa fi hogganaan biiroo Misooma Industirii Jaanxiraar Abbay ibsaniru. Biiroon Aadaa fi Og-Aartii Finfinnee mata duree “Finfinnee Moozaayikii Aadaa fi kalaqaa” jedhuun Festivaala Aadaa 17ffaa sadarkaa Magaalaatti Amajjii 23 hanga 25 bara 2018tti kabajamurratti haasaa baninsaa taasisaniiru. Obbo Jaanxiraar Abbay wayita sana akka jedhanitti, Aadaan guddina biyya tokkoof bu’uuradha. Magaalaan Finfinnee Aadaan sabaa, sabootaa fi ummattoota hundaa kan itti calaqqisu magaalaa fakkeenya waloomaa fi sabdaneessummaati jedhaniiru. Hojiiwwan misoomaa magaalichatti hojjetamaa jiran Aadaa, Kalaqa, Og-Aartii fi Ispoortii giddu galeeffatanii akka misoomanii fi beekaman carraa gaarii kan uuman ta’uusaanii eeraniiru. Guddina damichaaf Magaalittiin xiyyeeffannoo kennitee hojjechaa jiraachuu ibsuun bakkeewwan shaakala ispoortii hedduun, bakkeewwan bashannanaa guddina damee og-aartii qooda olaanaa qaban ijaaramuusaanii ibsaniiru. Hoggantuun biiroo Aadaa fi og-Aartii Finfinnee Doktar Hiruut Kaasaawu Aadaa, duudhaa fi hambaalee adda addaa Finfinneetti argaman hawata Turizimii akka ta’aniif beeksisuuf tattaaffiin taassifamaa jira jedhaniiru. Festivaalli Aadaa sadarkaa Magaalaa sonawwan aadaa keenyaa misoomsuunii fi beeksisuun sab-daneessuumaan keenya akka cimu gochuuf kan kaayyeffate ta’uu ibsaniiru.
Itti Aanaan Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa sirna kabajaa fi agarsiisa waldaa gugsii fardaa Agawoo 86ffaa irratti ni argamu
Jan 31, 2026 32
Amajjii23/2018(ENA)-Itti Aanaan Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa sirna kabaja Waldaa gugsii fardaa fi agarsiisaa Agawoo waggaa 86ffaarratti akka argaman ibsaniiru. Itti Aanaan Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa ergaa fuula Miidiyaa Hawaasummaasaaniin dabrsaniiin biyya goototaa, gaarummaa, waloomaa fi ibsituu jaalalaa, lalistummaashee fi hunda omishuusheen kan beekamtu bulchiinsi Godina sab-Lammii Awwii Magaalaa guddoo Godinittii Ijibaaraa seenneerra jedhaniiru. “Adiinaas” jechuun fuula ifaan kan nu simatan, keessummaa akka kennaa uumaatti kabajanii keessummeessuun aadaasaanii ganamaa fi jaalalasaanii qabatamaan kan nutti agarsiisan uummata Agawoo hundaaf galata onneerraa madden dhiheessaaf jedhaniiru dhaamsasaaniin . Itti Aanaan Ministira Muummee Tamasgeen Xurunaa itti dabaluun jaalalaa fi kabaja nutti argisiistaniif kabaja guddaa isiniif qabna jechuun ibsaniiru. Turtiisaaniin kabajaa fi faaya Itiyoophiyaa kan ta’e, seenaa Gootummaa Awwii , Aadaa fi gootummaa kan ragaa bahu sirna kabaja waldaa gugsii fardaa fi agarsiisaa Agawoo waggaa 86ffaarratti akka argaman eeraniiru.
Naannoo Oromiyaatti walakkaa bara baajataa kana keessa jiraattonni kuma 375 bishaan dhugaatii qulqulluu fayyadamoo ta’aniiru.
Jan 30, 2026 87
Amajji 22/2018(ENA) - Naannoo Oromiyaatti walakkaa bara baajataa kana keessa jiraattonni kuma 375 bishaan dhugaatii qulqulluu fayyadamoo ta’uusaanii Biiroon Bishaanii fi Inarjii Oromiyaa ibse. Itti aanaan itti gaafatamaa Biiroo Bishaanii fi Inarjii Oromiyaa obbo Araarsoo Abdullaaxiif ENAtti akka himanitti biiroon kun hojiiwwan dhiyeessii bishaan dhugaatii qulqulluu akka dabalu taasiseera. Walakkaa bara baajataa kana keessa jiraattonni kuma 375 bishaan dhugaatii qulqulluu fayyadamoo ta’uu ibsaniiru. Keessumaa ijaarsi dhaabbilee bishaan dhugaatii yeroo fi bajata qabameefiin akka xumuramaniif hojiiwwan hojjetameen walakkaa waggaa kanaa keessatti pirojektoonni 670 xumuramuu eeraniiru. Kana cinatti waajjirichi bulchiinsa qabeenya bishaanii, qulqullina naannoo fi dhiyeessii anniisaa cimsuu irratti xiyyeeffatee hojjechaa turuu ibsaniiru. Magaalota naannichaa torba keessatti ijaarsi pirojektoota dhagala’aa xuraa’aa dhabamsiisuu gaggeeffamaa jiraachuu eeruun, ijaarsi baay’ee isaaniis dhibbeentaa 80 ol xumuramuu himaniiru. Gara fuula duraatti ijaarsa dhaabbilee bishaan dhugaatii qulqulluu ijaaramaa jiran saffisaan xumuruun hojiin dhiyeessii bishaan dhugaatii qulqulluu guddisuu xiyyeeffannoo guddaadhaan kan raawwatamu ta’uu ibsaniiru.
Milkaa’ina Marii biyyoolessaaf qooda keenya ni baana – Hawaasa Siivikii
Jan 29, 2026 90
Amajjii 21/2018 (ENA)- Milkaa’ina marii biyyaalessaaf qoodasaanii akka bahan Hawaasni Siivikii Naannoo Somaalee ibsan. Pirezidaantiin Mana maree Dargaggootaa naannichaa Mahaammad Ahimad akka ibsanitti, Mariin biyyaalessaa rakkoolee turan mariin furuurra darbee ijaarsa mootummaaf galteewwan barbaachisan kan itti argamanidha jedhaniiru. Daragaaggoonni Marii biyyaalessaa keessatti Hirmaannaa taasisaa jiran cimsuudhaan hojiiwwan fooya’aa hojjechuuf qophaa’uusaanii ibsaniiru. Mariin biyyaalessaa Dargaggoonni wal-dhabdeewwan karaa nagaan furuuf taasifamu akka aadeffatan gochuurratti qooda olaanaa akka qabu ibsaniiru. Rakkoowwan mariin furuuf hojiiwwan hojjetamaa jiranii fi qophiiwwan taasifamaa Jiran Itiyoophiyaa badhaate ijaaruuf qooda olaanaa qabaata jechuun hoggantuun waldaa Dubartootaa naannichaa Ni’iim Abdullaahii ibsaniiru. Komishinichi mariin xumura waliigalaa akka taasifamuuf hojiiwwan hojjechaa jiru milkaa’aa akka ta’uuf deeggarsi hunda galeessi lammiilee barbaachisaa ta’uu hubachiisaniiru. Marichi bu’aa karoorfameef akka fiduuf akka hawaasa siivikiitti qoodasaanii akka bahan namooni ENA’f yaadasaanii kennan mirkaneessaniiru
Diinagdee
Milkaa’inoonni Misooma Itiyoophiyaa guddina dinagdee riijinii kan si’achiisanidha-Pirezidaantii Jibutii Ismaa’el Omaar Giilee
Jan 31, 2026 20
Amajjii 23/2018(ENA)- Milkaa’inoonni Misooma Itiyoophiyaa guddina dinagdee riijinii kan si’achiisan ta’uu Pirezidaantiin Jibutii Ismaa’el Omaar Giilee ibsan. Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad pirezidaantiin Jibutii Ismaa’eel Omaar Giilee, pirezidaantiin Somaaliyaa Sheek Hasan Mahaammud bakka argamanitti Riizoortii Shabalee eebbisaniiru. Wayita kana pirezidaantiin Jibutii Ismaa’el Omaar Giilee, Riizoortiin Shabalee walitti hidhaminsa turizimii riijinii kan cimsu bu’aa misoomaati jedhaniiru. Riizoortiin Shabalee pirojektii misoomaa bakka hawataa dinqisiisaa misooma turizimii riijinii kan guddisu ta’uu dubbataniiru. Pirojektichi walitti hidhamiinsa dinagdee caalaatti guddisuun faayidaa guddaa akka qabaatu dubbataniiru. Ummanni naannoo Somaalees nagaasaa eeggatee bu’aaleen misoomaa fayyadama ummataa mirkaneessan akka dhufan gumaachi taasise kan jajamu ta’uu ibsaniiru. Fuulduras dhalattoonni naannichaa biyya keessaa fi biyya alaa jiraatan fayyadama misoomaa Itiyoophiyaa fi biyyoota riijinichaa mirkaneessuuf tattaaffii taasifamu keessatti qoodasaanii bahachuu akka qaban hubachiisaniiru.
Maddi anniisaa qilleensaa Ayishaa-2 tarsiimoo keenya wabii anniisaa mirkaneessuuf hojjennu kanneen ijoo ta’an keessaa isa tokkodha-Ministira muummee doktar Abiyyi Ahimad
Jan 31, 2026 21
Amajjii 23/2018 (ENA)- Maddi anniisaa qilleensaa Ayishaa-2 tarsiimoo keenya wabii anniisaa mirkaneessuuf hojjennu kanneen ijoo ta’an keessaa isa tokko ta’uu ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad ibsan. Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad ergaa fuula miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin, pirojektiin madda anniisaa qilleensaa Ayishaa-2 guyyaa har’aa ifatti eebbifamee tajaajila eegaluusaa ibsaniiru. Pirojektiin guddichi naannoo Somaaleetti argamu kun tarsiimoo keenya wabii anniisaa mirkaneessuuf hojjennuuf isa ijoodha jedhaniiru. Pirojektiin kun dandeettiin inni waggaatti oomishuu danda’u sa’aatii tokkotti Giigaa Waattii 467 (GWh) yoo ta’u, teknooloojiiwwan ammayyaa SCADA fi SVG fayyadamuun dhiheessii anniisaa tasgabbaa’aa fi ijaarsa dinagdee teeknooloojiin durfamuuf qooda olaanaa akka bahatu dubbataniiru. Dhiheenyi biyyoota ollaaf qabu milkaa’ina galma Itiyoophiyaa wiirtuu daldalaa Afriikaa bahaa gochuuf qabameef tarkaanfii guddaa qabatamaan mirkanaa’e ta’uu ibsaniiru. Qabeenya uumamaa Itiyoophiyaa qajeelfama ida’amuu gara qabeenya walootti jijjiiruuf gaanfa Afriikaa qaamaa fi dinagdeen caalaatti walitti hidhuuf kutannee kaaneerra jechuun ibsaniiru ministirri muummee ergaa dabarsaniin.
Galmoota imaammata qonnaa fi misooma baadiyyaatiin kaa’aman milkeessuuf hirmaannaan taassifame birmadummaan nyaataa akka mirkanaa’uuf bu’uura kaa’eera
Jan 31, 2026 21
Amajjii 23/2018(ENA)- Galmoota imaammata qonnaa fi misooma baadiyyaatiin kaa’aman milkeessuuf hirmaannaan taassifame birmadummaan nyaataa akka mirkanaa’uuf bu’uura kaa’uusaa ministirri qonnaa Addisuu Araggaan ibsan. Gamaaggamni raawwii hojii baatii 6 ministeera qonnaa fi dhaabbilee itti waamamtootaa magaalaa Adaamaatti gaggeessaa jira. Obbo Addisuu Araggaa waltajjicharratti akka ibsanitti, baatiiwwan ja’an darban damee Qonnaa ceesisuuf hojiiwwan hojjetaman bu’aa qabeessa turan. Hojiiwwan dhiheessii galtee Qonnaa, Makaanaayizeeshinii Qonnaa, fooya’insa sanyii, eegumsaa fi kunuunsa qabeenya uumamaan hojjetamaniin bu’aan abdachiisaan galmaa’uu kaasaniiru. Omishaa fi omishtummaa guddisuuf bittaan xa’oo biyyee raawwatamuu fi Qonnaan bulaaf raabsamaa jiraachuu eeruun, misooma Qamadii Boneen lafti hektaarri Miiliyoona 3 tuqaa7 sanyiin facaa’uu dubbataniiru. Makaanayizeeshinii qonnaa babal’isuuf baatiiwwan ja’an darban dureeyyiin 147 lafa hektaaraa kuma 101 fudhatanii misoomsuu eegaluusaanii himaniiru. Sanyii Beelladaa fooyyessuunii fi omishaa fi omishtummaa guddisuuf hojii hojjetameen bu’aan argamuu eeruun, walakkaa waggaatti cuuciin guyyaa tokkoo miiliyoona 70 raabsamuusaanii beeksisaniiru. Dabalatanis, horiin gaafaa miiloyoona 2 tuqaa 6 diqalomsuu fi hojiin nam-tolcheen sanyii fooyyessuu hojjetamuu ibsaniiru. Hojii misooma suluulaa, qaphii biqiltuu Ashaaraa magariisaa walitti hidhuun hojiin misooma eegumsa naannoon bu’aan boonsaan galmaa’aa jira jedhaniiru. Bara baajatichaa baatiiwwan ja’an darbanitti Al-ergii Omisha qonnaarraa galiin doolarri biiliyoona 2 ol argamuu eeruun, argamsa sharafa Alaaf bunni sadarkaa olaanaa akka qabu dubbataniiru. Imaammani qonnaa Yaadamoota ammaan dura hin turre kan qabate ta’uusaan bu’aan damichaan argamuuf qooda olaanaa bahateera jedhaniiru. Hojiiwwan misooma Qonnaa bara baajatichaatti eegalaman caalaatti babal’isuunii fi omishaa fi omishtummaa guddisuun birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf karoora qabame milkeessuuf hirmaannaan taasifamu cimee akka ittifufu ibsaniiru. Ministira Qonnaatti Gorsaa olaanaan Hordoffii fi Gamaggamaa Tsahaayuu Gaarradaachoo gabaasa dhiheessaniin waggoottan shanaan darban omishtummaa damichaa guddisuuf hojii hojjetameen oomisha waggaa kuntaala biiliyoona 1 tuqaa 5 geessisuu danda’amuun hubachiisaniiru. Qonnaan bultoonni fayyadamoo Ekisteenshinii qonnaa duraan turan miiliyoona 9 tuqaa 2 irraa gara miiliyoona 14 tuqaa 2tti guddachuusaa ibsaniiru. Waltajjichaan raawwiin hojii baatii 6 bara bajataa 2018 naannoolee gamaggamaamaa jira. #Ena Afaan Oromoo
Sagantaan Maaddii guutuu fayyadamummaa jiraattotaa guddisaa jira
Jan 31, 2026 28
Amajjii 23/2018(ENA)- Sagantaa Maadii guutuutiin fayyadamummaan Diinagdeesaanii guddachuusaa hirmaatoonni Sagantichaa Magaalaa Amboo ibsan. Jiraattota Magaalichaa ENA’f yaada kennan keessaa Massalaa Geetaachoo akka ibsanitti, misooma lukkuu lafa xiqqaarratti eegalaniin galiisaanii guddifachaa jiraachuu ibsaniiru. Yeroo gabaabaa keessatti bu’aa qabeessa ta’uusaaniin killee gabaa naannoosaaniif dhiheessuun galii fooyya’aa argachaa kan jiran yoo ta’u, hojii misooma lukkuu cinaatti hojii misoomaa aannanii eegaluusaanii eeraniiru. Yeroo ammaa lukkuuwwan kuma 2 irraa killee hanga kuma 1 fi 600 argachaa waan jiraniif ofirra darbanii namoota ja’aaf carraa hojii uumuusaanii ibsaniiru. Misooma sa’a Aannaniin wabii nyaataasaanii Mirkaneessuurra darbee galiisaanii guddifachuu danda’uu kan ibsan immoo jiraataa magaalichaa Daani’eel Kabbadaati. Kanaanis giddugaleessaan sa’a tokkorraa aannan liitira 22 argachuun Aannan gabaaf dhihessaa jiraachuu ibsaniiru. Jiraataan Magaalichaa Wayyeessaa Luulessaa gamasaaniin, Misoomni Aannanii itti jiran fayyadamummaa Diinagdeesaanii guddisuusaa himaniiru. Hojicha caalaa bu’aa qabeessa gochuuf waajjirri Qonna Magaalaa nageenya beeyladootaa eeguun akkasumas deeggarsawwan biroo taasisaafii akka jiru ibsaniiru. Waajjira Qonnaa Magaalaa Ambootti Ogeessi Fooyya’insa sanyii Beeyladaa Caalaa Kitaabaa akka ibsanitti, Sagantaa Maaddii guutuun Magaalichatti wabii nyaataa mirkaneessuurra darbee lammiilee hedduuf madda galii ta’era. Inisheetivoota Qonnaa Magaalichatti hojiirra oolan keessaa misooma Lukkuu fi sa’a Aannanii, furdisa Loonii fi hojiin horsiisa Booyyee namoota hedduuf carraa hojii uumuu danda’eera jedhaniiru. Hojicha bu’aa qabeessa taasisuuf bakka hojii fi liqaa kennuurra darbee deeggarsa ogummaa taasisuu fi walitti hidhaminsi gabaa isaaniif mijachuu danda’uu ibsaniiru.
Saayinsii fi teeknooloojii
Sirni hubannoo namtolcheerratti hundaa’uun yakkoota faayinaansii ittisuuf gargaaru hojjetamuufi
Jan 27, 2026 92
Amajji 19/2018(ENA) - Maallaqa seeraan alaa fi deeggarsa shororkeessummaa maallaqaan taasifamu ittisuuf sirna hubannoo namtolchee (AI)’n hojjetu misoomsuuf waliigalteen mallattaa’eera. Walii galticha kan mallatteessan daariktara olaanaa Inistitiyuutii Hubannoo Namtolchee Itiyoophiyaa doktar Warquu Gaachanaa fi daariktara olaanaa Tajaajila Nageenya Maallaqaa Muluuqan Amaaree dha. Daariktarri olaanaa inistitiyuutichaa doktar Warquu Gaachanaa wayita sana akka jedhanitti, waliigaltichi tattaaffii Kutaan Odeeffannoo Faayinaansii daddabarsa maallaqaa fi faayinaansii shororkeessummaa ittisuuf taasisaa jiru kan gargaaru ta’uu ibsaniiru. Sirnichi hubannoo namtolchee (AI) irratti kan hundaa’e yoo ta’u, yakkoonni walxaxaa ta’an osoo hin raawwatamiin dursa ittisuu fi rakkooleen yeroo uumaman miidhaa guddaa osoo hin qaqqabsiisiin saffisaan furuuf kan dandeessisu ta’uu hubachiisaniiru. Sirna kana misoomsuuf hojiin haaldureewwanii hojjetamaa akka turan eeruun, hojii sadarkaa idil addunyaa eeggate hojjechuun yeroodhaan dhiyeessuuf qophii ta’uu dubbataniiru. Daariktarri Olaanaa Tajaajila Nageenya Maallaqaa Muluqan Amaaree gama isaaniin, Itiyoophiyaan akka miseensa Waldaa Dhaabbilee Faayinaansii fi Taaski Foorsii Tarkaanfii Faayinaansii Addunyaatti odeeffannoo yakka faayinaansii biyyoota biroo waliin akka wal jijjiirtu ibsaniiru. Maallaqa seeraan ala argame akka seera qabeessa ta’eetti itti fayyadamuu fi shororkeessummaa maallaqaan deeggaruun yakkoota walxaxaa fi daangaa ce’aa waan ta’aniif deeggarsa teekinooloojii barbaachisa jedhani. Misoomni sirnichaa yakkoota walxaxaa qolachuuf biyyootaa fi qaamolee seera kabachiisan waliin ta’uun yakka irraa bu’aa argachuun akka hin danda’amne agarsiisuuf kan gargaaru ta’uu eeraniiru. Itiyoophiyaan sirna maallaqa seeraan alaa argamee akka seera qabeessa ta’eetti itti fayyadamuu, yakkoota maallaqaa deeggarsa shororkeessummaaf oolan ittisuu fi nageenya ishee mirkaneessu misoomsuun ishee, biyyoota Afrikaa hedduuf fakkeenya ta’ee tajaajila jedhani.
Waraqaa Eenyummeessaa Dijiitaalaa FaayidaaTajaajila dhaabbilee Faayinaansii maamiltootaa saffisiisuuf ni deeggara
Jan 21, 2026 206
Amajjii13/2018(ENA)-Waraqaa eenyummeessaa Dijiitaalaa Faayidaa qabannaa ragaaMaamiltoota dhaabbilee Faayinaansii Ammayyeessuuf,tajaajila si’ataa fi nageenyisa eegame kennuuf deeggarsa guddaa akka taassisu ibsame. ENAn Hoggantoota hojii dhaabbilee faayinaansii Magaalaa Cirootti argaman tajaajila waraqaa eenyummeessaa Dijiitaalaa Faayidaa irratti dubbiseera. Akka Hoggantoonni hojii ibsanitti,Waraqaan eenyummeessaa Dijiitaalaa odeeffannoo Ijaa, fuulaa fi Ashaaraa qubaa maamiltootaa meeshaalee Elektirooniksiin qabachuun namni tokko odeeffannoo wal-fakkaatu qabatee tajaajila burjaajjiirraa qulqullaa’e kennuuf kan dandeessisudha. Hojii gaggeessaan Baankii Daldala Itoophiyaa Ciroo damee Odaa bultum Balaayi Yawaalaasheet akka ibsanitti,waraqaan eenyummeessaa Dijiitaalaa Faayidaa waraqaa eenyummeessaa sobaan burjaajjii raawwatamu ittisuuf gargaara. Waraqaan eenyummeessaa Dijiitaalaa odeeffannoo elektirooniksiin qabachuun tajaajilamaan eenyummaa tokko akka qabaatu gochuun dhugummaasaa mirkaneessuuf akka gargaaru dubbataniiru. Waraqaa eenyummeessaa Dijiitaalaa Faayidaa Baankichi kenna Tajaajila Maamilaa haaraa eegale kan saffisiisu ta’uu eeraniiru. Baankii Awaash Damee Ciroo hojii gaggeessaa tajaajila maamiltootaa fi oppireeshinii Tewoodiroos Salamoon gamasaaniin Waraqaan eenyummeessaa Dijiitaalaa Faayidaa Maamiltoonnii fi Baankonni haala guutuu ta’een akka wal beekan gochuun kenna tajaajilaa kan saffisiisudha. Maamililli lakkoofsa faayidaa tokkoon qofaan galmaa’uusaan Baankonni tajaajila liqaa yeroo kennan maamiltootasaanii akka beekanii fi hordoffii liqaa sirnaan akka raawwataniif kan deeggaru ta’uu dubbataniiru. Waraqaan eenyummeessaan Dijiitaalaa FaayidaadhaabbileeFaayinaansii keessatti tajaajila waraqaarraa bilisa ta’e hojiirra oolaa jiru saffisiisuuf kan deeggarudha jedhaniiru. Itiyoo Teeleekoomitti gidduugalli Damee gurgurtaa Ciroo Tonkoluu Baqqalaa Waraqaan eenyummeessa Dijiitaalaa Faayidaa odeeffannoo nama tokkoo haala wal fakkaatuun galmeessuun kenninsa tajaajilaa saffisa fi ammayaa’aa ta’e hojiirra kan oolchu ta’uu ibsaniiru.
Appilikeeshinichi tajaajila si’achiisuu fi deddeebisa maallaqaa seeraan alaa ittisuuf faayidaa guddaa qaba
Jan 20, 2026 197
Amajjii 12/2018(ENA)- Appilikeeshiniin baankiin daldalaa Itiyoophiyaa ifoomse tajaajila si’achiisuu fi deddeebisa maallaqaa seeraan alaa ittisuuf faayidaa guddaa akka qabu daarektarri olaanaa tajaajila diyaasporaa Itiyoophiyaa ambaasaaddar Fitsum Araggaa beeksisan. Baankiin daldalaa Itiyoophiyaa biyya alaarraa maallaqa erguuf kan gargaaru appilikeeshinii haaraa 'CBE Connect Digital Wallet' jedhamu hojii eegalchiiseera. Dijitaal teeknooloojiin ifoome diyaasporaan tajaajila si’ataa akka argatuu fi deddeebisa maallaqaa karaa seeraan alaa taasifamu ittisuu fi sharafa biyya alaa biyyattiin argattu guddisuuf faayidaa olaanaa akka qabu daarektarri olaanaa tajaajila diyaasporaa Itiyoophiyaa ambaasaaddar Fitsum Araggaa dubbataniiru. Bakka bu’aan pirezidaantii baankii daldalaa Itiyoophiyaa fi itti aanaan pirezidaantii tajaajila korporeetii Efreem Makuraa gamasaaniin, baankichi hojmaatasaa yeroo yeroon ammayyeessuun tajaajila si’ataa fi bu’a qabeessa kennaa akka jiru dubbataniiru. Baankichi dijitaala Itiyoophiyaa dhugoomsuuf teeknooloojiiwwan dijitaalaa babal’isaa akka jiru beeksisaniiru. Appilikeeshiniin hojiirra oole kun imalaa dijitaalaa baankichi itti jiru sadarkaa olaanaatti akka ceesisu eeranii, maamiltoota biyya keessaa fi biyya alaa caalaatti kan walitti hidhuu fi adeemsa hawaalaa kan si’achiisu ta’uu dubbataniiru. Appilikeeshiniin kun teeknooloojii dijitaalaa sirna faayinaansii Itiyoophiyaatiin jiru irratti jijjiirama guddaa akka fidu appilikeeshinii kana baankii daldalaa waliin walitti hidhuun kan hojjetan hojii raawwachiisaa olaanaa Staar weeyi Bassuufiqaad Geetaachoo ibsaniiru. Haalli mijataan mootummaan kaampaaniiwwan teeknooloojiif uume kalaqxoonni akkasii akka danatan gochuusaa eeranii, fuulduras bu’aalee teeknooloojii biro hojjechuuf akka hojjetan dubbataniiru.
Tarsiimoon dijitaala Itiyoophiyaa 2030 magaalaa Finfinnee Ismaarti siitii gochuuf hojii hojjetamu caalaatti kan si’achiisudha
Jan 20, 2026 175
Amajjii 12/2018(ENA)- Tarsiimoon dijitaala Itiyoophiyaa 2030 magaalaa Finfinnee Ismaarti siitii gochuuf hojii hojjetamu caalaatti kan si’achiisu ta’uu biiroon Innoveeshinii fi Teeknooloojii magaalaa Finfinnee beeksise. Ministirri muummee doktar Abiyyi Ahimad hojiirra oolmaa dijitaala Itiyoophiyaa 2030 ifatti wayita jalqabsiisan, dijitaal 2030’n, qaqqabummaa bal’isuu, lammiileef carraa walqixa uumu akkasumas lammiilee fi dhaabbilee jidduutti wal amantaa ijaaruun galmoota tarsiimichaa kanneen ijoo ta’uu himaniiru. Itti aanaa hoogganaan biiroo Innoveeshinii fi Teeknooloojii bulchiinsa magaalaa Finfinnee doktar Tulluu Xilahuun ENA’f akka ibsanitti, waggoottan darban hojiileen bu’ura misoomaa milkaa’oon ijaarsa dinagdee dijitaalaaf murteessaa ta’an magaalaa Finfinneetti hojjetamaniiru. Keessumaa magaalattiitti tarsiimoon dijitaala Itiyoophiyaa 2025 bu’a qabeessummaan raawwatamuu eeranii, Kunis cehumsa dijitaala Itiyoohiyaa 2030’f bu’ura cimaa kaa’uusaa beeksisaniiru. Tarsiimoo dijitaalaa 2025tiin magaalaa Finfinneetti Paarkiin ‘ICT’ babal’achuusaa wabeeffataniiru. Walitti hidhamiinsi neetwoorkii Kanaan dura si’aayina gadi aanaa fi sadarkaa gadi aanaadhaan murtaa’ee ture fooyya’uusaa ibsanii, yeroo ammaa dhaabbileen mootummaa saddettamii jaha bu’ura misoomaa Siitii neet (City Net)dhaan wal qabachuusaanii beeksisaniiru. Dabalataanis qaqqabummaan tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob fi eenyummeessaa biyyaalessaa faayidaa magaalattiiitti hojiirra oolfamaa jiru bu’aa tarsiimichaa ta’uu dubbataniiru. Tajaajila mootummaa magaalattiitti kennaman guutummaatti dijitaalaayiz gochuun lammiilee bakka jiranitti tajaajila si’ataa akka argatan bu’ura kaa’uusaa ibsaniiru. Tarsiimoon dijitaala Itiyoophiyaa 2030 hojii magaalaa Finfinnee Ismaarti siitii gochuuf hojjetamu caalaatti kan ariifachiisuu fi jireenya lammiilee kan si’achiisu ta’uu dubbataniiru. Tarsiimoon kun fayyadamaa teeknooloojii qofa osoo hin taane, kalaqxoota furmaatilee dijitaalaa haaraa ta’an maddisiisan akka ta’an haala mijataa akka uumu dubbataniiru. Walumaa gala tarsiimoon dijitaala Itiyoophiyaa 2030 mul’ata Finfinnee ammayyaa fi Ismaarti siitii badhaate gochuuf qabame akka dhugoomsu beeksisaniiru.
Ispoortii
Madin Itiyoophiyaan Machaal waliin taphata
Jan 26, 2026 165
Amajji 18/2018(ENA) - Piriimiyerliigii Itiyoophiyaa torbee 17ffaa oolmaa lammaffaa irratti taphoonni sadii ni taphatamu. Kilabni Madin Itiyoophiyaa Machaal waliin har’a guyyaa keessaa sa’aatii 10tti istaadiyeemi Finfinneetti taphata. Shaampiyoonaan liigii yerichaa Madin Itiyoophiyaan taphoota 16 taphachuun 4 mo'atee, 6 moo'ameera. Taphoota biroo 6 immoo wal qixa bahuun,taphoota 16 keessaa 12 galchuun,galchiin 14 itti lakkaa’ameera. Madin qabxii 18’n sadarkaa 114 qabateera. Morkataan isaa Machaal taphoota 16 hanga ammaatti taphateen taphoota 7’n mo’atee, taphoota 4’n immoo mo’ameera. Yeroo shan immoo qixa baheera. Galchii 22 lakkoofsisuun, galchiin 13 itti lakkaa’ameera. Machaal qabxii 26’n sadarkaa 5ffaa qabateera. Madin Itiyoophiyaan taphoota lama booda gara injifannootti deebi'uuf taphaphata. Machaal yoo injifate injifannoo isaa walitti aansuun yeroo sadaffaaf galmeeffata. Tapha biraatiin immoo Qiddus Goorgisiin Midire Gannat Shiree waliin guyyaa keessaa sa'aatii 7:00tti istaadiyeemii Finfinneetti ni taphata. Qiddus Goorgis bara kana hanga ammaatti taphoota 16 taphate keessaa 6 yoo injifatu, haaluma walfakkaatuun taphoota 6 immoo mo’atameera. Yeroo 4 immoo walqixa bahuun, galchii 15 galchuun, gooliiwwan 12 keessummeesseera. Shaampiyoonaa liigii yeroo 16 kan ta'e Qiddus Goorgis qabxii 22’n sadarkaa 8ffaa irra jira. Morkataan isaa Midire Gannat Shireen taphoota 16 taphatee shan injifateera. Yeroo jaha mo'amee shan qixa ba'eera. Taphoota 16 irratti goolii 16 galchuun, gooliin 13 immoo itti lakkaahameera. Midire Gannat Shireen qabxii 20’n sadarkaa 10 irra jira. Guyyaa keessaa sa’aatii 10tti Itiyoo Elektirikiin Walaayittaa Diichaa waliin istaadiyeemii Yunivarsiitii Saayinsii fi Teekinooloojii Adaamaatti taphatu. Itiyoo Elektirikiin qabxii 25’n sadarkaa 7ffaa yoo qabatu, Walaayittaa Diichaan immoo qabxii 14’n sadarkaa 19ffaa qabachuun sadarkaa gadi bu’insaa keessa jira. Torbee 16ffaa irratti Maqalee sabaa’andartaa mo'amuun kan isa mudate Etiyoo Elektirikiin gara injifannootti deebi'uuf kan taphatu dha. Taphoota liigii 6 darban walitti aansuun injifannoo malee kan ture Walaayittaa Diichaan qabxii sadii yoo argate naannoo gadi bu'iinsaa keessaa bahuu danda’a.
Walmorkiin seenaa qabeessii Arsenaalii fi Maanchistar Yuunayitid Hawwiin eegamu har’a galgala gaggeeffama
Jan 25, 2026 197
Amajjii17/2018(ENA)- Taphni Piriimar Liigii Ingiliz sagantaa torban 23ffaan Arsenaalii fi Maanchistar Yuunaayitid har’a gaggeessan Hawwiin eegama. Taphni Kilaboota lamaanii galgala sa’atii 1:30 Istaadiyeemii Emireetisitti ni gaggeeffama. Arsenaal tapha liigichatti gaggeesseen yeroo15n yoo injifatu,yeroo2 mo’ameera. Yeroo 5n qixaan adda baheera. Taphichaan Arsenaal galchiiwwan40 yoo lakkoofsisu galchiiwwan14 keessummeesseera. Lenjisaan Lammii Ispeen waggaa 43 kan ta’e Maayikil Arteettaan kan durfamu Arsenaal qabxii 50n sadarkaa 1ffaarratti argama. Morkataansa Maanchistar Yuunaayited bara dorgommichaatti taphoota gaggeessee 22n yeroo 9 yoo injifatu yeroo 5n mo’ameera. Taphoota hafan biroo 8n qabxii qooddateera. Morkataansa Maanchistar Yuunaayited galchii 38 yoo lakkoofsisu galchii 32 keessummeesseera. Leenjisaa Lammii Ingiliz Waggaa 44n kan ta’e Maayikil Kaarikiin kan leenji’u Maanchistar Yuunaayitid qabxii 35n sadarkaa 5ffaarra jira. Kilaboonni lamaan morkiiwwan hundaan kan walitti dhufan kan ammaa yeroo 246ffaa dha. Turtii ammaan dura yeroo 245n walitti dhufanitti Maanchistar Yuunaayitid yeroo 99 injifateera. Arsenaal Yeroo 91 yoo injifatu yeroo 55n qixaan adda baheera. Piriimar liigichatti yeroo 66 taphateera. Maanchistar Yuunaayitid yeroo 25n yoo injifatu Arsenaal yeroo 23 injifateera. Yeroo 18 qixaan adda baheera. Taphoota liigichaa shanan darbanitti Arsenaal yeroo 4 yoo injifatu yeroo tokko qabxii qooddateera. Yuunaayitid Liigichatte yeroo dhumaaf Arsenaaliin kan mo’ate A.L.A. Fulbaana 4 bara 2022 yoo ta’u , wayita sana 3 fi 1n injifateera. Arsenaalii fi Maanchistar Yuunaayitid seenaa Piriimar Liigii Ingilizitti gariiwwan morkattootaa kan jedhamanidha. Kilaboonni kunnen yeroo jalqabaaf kan walitti dhufan A.L.A bara 1894 ture. Taphichaan gareewwan kunneen sadii sadiin walqixaan adda bahaniiru. Gareewwan kun tapha jalqabaarraa eegalanii walmorkii waggaa 131 waltajjii Awurooppaa fi Ingiliz irratti gaggeessaniiru. Arsenaal Waancaa Liigichaa yeroo 13 yoo fudhatu, Maanchistar Yuunayitid yeroo 20 injifachuun olaantummaa qabateera. Taphichaan Arsenaal taphoota lamaan booda gara injifannootti deebi’uuf, Yuunayitid Injifannoo darbii Maancisterbooda injifannoo ittifufaa galmeessisuuf walmorkii taassifamudha. Tapha kilaboota lamaanii Hawwiin eegamu Kireeg Paawusan Abbaaseerummaan gaggeessu. Sagantaa birootiin Kiristaal paalaas Chelsii waliin , Niwuukastil Yuunaayitidii fi Astonviilaa fi Bireentifoordi, Nootingam Foorest guyyaa sa’aatii wal fakkaataa 11:00tti taphasaanii gaggeessu.
Manchistar Siitiin Woolvis waliin taphata
Jan 24, 2026 175
Amajjii 16/2018 (ENA) – Taphoonni Piriimar Liigii Ingiliiz torbee 23ffaan har’aa eegaluun nigaggeeffamu. Har’a taphoota shantu taphatama. Galgala sa’aatii 12tti Maanchistar Siitiin istaadiyeemii Itihaaditti Woolvis waliin taphata. Manchistar Siitiin qabxii 43’n sadarkaa lammaaffaa yoo qabatu,morkataan isaa Woolvis immoo qabxii saddeetiin sadarkaa dhumaa 20ffaa irra jira. Taphoota Liigii afur taphatameen injifachuu hin dandeenye. Qabxii 12 keessaa sadii qofa argachuu danda'eera. Faallaa kanaatiin, Woolvis liigii 16 irratti mo'amuun bara kana tapha tokko qofa injifateera. Maanchistar Siitiin dorgommii waancaa keessa turuuf tapha har'aa irraa qabxii sadii fudhachuu qaba. Woolvis yoo injifate, naannoo gadi bu'iinsaa keessaa ba'uuf waldhaansoo taasisu keessatti deeggarsa guddaa ta’aafi. Taphoota birootiin ammoo Boornimaawuz galgala sa'aatii 2:30 irratti istaadiyeemii Vaayitaalitiitti Liivarpuul waliin taphata. Boornimaawuz qabxii 26’n sadarkaa 16ffaa qabateera. Liivarpuul immoo qabxii 36’n sadarkaa 4ffaa irra jira. Abbaan istaadiyeemii Boornimaawuz walitti aansuun injifannoo isaa galmeessuuf kan taphatu yoo ta’u, Liivarpuul ammoo qixa afur walitti aansuun taphachuu isaa irraa gara injifannootti deebi’uuf morkii taasisa. Weestihaam Yunaayitid sa'aatii 9:30tti Saandarlaandi waliin, Fuulhaam Biraayitan waliin haaluma walfakkaatuun Barnileey ammoo sa'aatii 12tti Tootinaam Hootispar waliin taphatu.
Baayer Muunik Shaampiyoonsi Liigichaan mo’atanii darbuutti makameera
Jan 22, 2026 217
Amajjii 14/2018(ENA)-Sagantaa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaan Baayeer Muunik, Yuuniyeen Seeyinti Jilwaan 2 fi 0n injifateera. Tapha Galgala Istaadiyeemii Aliiyaanzi Areenaatti gaggeeffameen Harii Keen taphaa fi rukkuttaa adabbiin galchii injifannoo lakkoofsiseera. Shaampiyoonsi Liigichatti Harii Keen baay’inni galchii lakkoofsise 7 ga’eera. Bara dorgommii kanatti dorgommiiwwan hundatti galchiiwwan lakkoofsise gara 34tti ol guddiseera. Taphataan Baayer Muuniik Miin-Jee Kiim daqiiqaa 63ffaa irratti kaardii keelloo lama erga fudhatee booda kaardii diimaan dirreetii baheera. Bu’aa kana hordofee Baayer Muunik qabxii 18’n Arsenaalitti aanee kilabii 2ffaa mo’atanii darbuutti darbe ta’eera. Gareen Beeljiyeem Yuuniyeen Seeyinti Giiliwaa qabxii 6’n sadarkaa 31ffaa irra jira. Taphoota biroon Liivarpuul Maarseyiin 3 fi 0n injifateera. Doominiik Siboozilaay, Kodii Gaappikoo fi karra eegaan Marseeyi Jeerooniimoo Ruulii ofirratti galchii lakkoofsiseera. Liivarpuul qabxi 15’n sadarkaa 15ffaa yoo qabatu, Marseey qabxii 9’n sadarkaa 19ffaa qabateera. Cheelsiin Paafoosin galchii Bemooses Keeyisdo galcheen 1 fi 0n injifateera. Baarseloonaan Dirreesaan alatti Silaaviyaa Piraagiin 4 fi 2’n injifateera. Fermaan Loopeez galchii 2 yoo lakkoofsisu, Daanii Olmoo fi Rooberti Lewandoskii galchiiwwan hafan lakkoofsisaniiru. Vaasiil Kuseejii fi taphataan Baarseloonaa Rooberti Lewaandooskii Saliiviyaa Piraag ofirratti galchiiwwan lakkoofsisaniiru. Niwuukastil Yuunaayitid goolii Aroon wiisaa, Antoonii Gordanii fi Harvii Baarniis galchanii PSV Ayindihoveniin 3 fi 0’n injifateera. Juuventus Benefiikaan 2 fi 0’n, Atileetikoon Bilbaa’oo Atilaantaan 3 fi 2’n injifateera. Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa sagantaan dhumaa torban itti aanu gaggeeffama.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Itiyoophiyaan bulchiinsa qabeenya bishaanii fi hojiilee misooma sululssrratti hojiiwwan bu’a qabeessa ta’an hojjechaa jirti
Jan 22, 2026 166
Amajjii 14/2018(ENA) - Itiyoophiyaan bulchiinsa qabeenya bishaanii fi misooma sululaa irratti hojiiwwan bu’a qabeessa ta’an hojjechaa jiraachuu Ministirri Bishaanii fi Inarjii doktar Injiinar Habtaamuu Ittafaa ibsan. Ministeerri Bishaanii fi Inarjii bara baajata bara 2018 gamaaggama raawwii karoora ji'a 6 magaalaa Naqamteetti gaggeessaa jira. Doktar Injiinar Habtaamuu Ittafaan wayita sana akka jedhanitti, baroota darbe qabeenya bishaanii haala gaariin misoomsuun itti fayyadamuuf tarkaanfiiwwan fudhataman bu’aa gaarii argamsiisaniiru. Itiyoophiyaan kan hordoftu itti fayyadamaa fi bulchiinsi qabeenya bishaanii haqa qabeessaa fi madaalawaa ta’een hojii misoomaa saffisiisuu keessattis gahee olaanaa qaba jedhan. Itiyoophiyaan bulchiinsa qabeenya bishaanii fi misooma bishaan sululaa irratti hojiiwwan bu’a qabeessa qabatamaa hojjetteetti jedhan. Gama biraatiin ministeerichi misooma bishaan kuufamaa fi fooyya’iinsa jireenyaa naannoo gammoojjiitti hojiiwwan abdachiisaa ta’e hojjechaa jiraachuu eeraniiru. Qabeenya bishaaniin dabalatatti qabeenya anniisaa sirnaan adda baasuu fi hojiirra oolchuun itti fayyadamuu akka barbaachisu himaniiru. Waltajjii kana irratti Miseensonni Mana Maree Bakka Bu'oota ummataa, hoggantoonni Biiroo Bishaanii fi Inarjii Mootummaa Federaalaa fi Naannoolee, akkasumas Bulchiinsa magaalota lamaanii hirmaataniiru.
Godina Wallaggaa Lixaatti sululoota 487 irratti hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii hojjetamaa jira
Jan 22, 2026 141
Amajjii 14/2018(ENA) – Godina Wallaggaa Lixaatti sululoota 487 irratti hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii gaggeeffamaa jiraachuu Biiroon Qonnaa Godinichaa ibse. Waajjira Qonnaa Godina Wallaggaa Lixaatti Dursaan Garee Eegumsa Qabeenya Uumamaa obbo Fiqiruu Birhaanuu akka jedhanitti, Godinicha keessatti sululoota 487 irratti hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii hojjetamaa jira. Hojiilee bara darbe kunuunsa biyyee fi bishaaniif taasifame irraa qonnan bultoonni faayidaa qabatamaan waan arganiif, kan baranaas haala gaariin irratti hirmaachaa jiru jedhan. Hojiilee kunuunsa biyyee fi bishaaniif bara darbe taasifameen lafti dhiqamee ture deebi’ee misoomeera jedhan. Bara darbe hojii misooma kunuunsa biyyee fi bishaanii hojjetaniin faayidaa argachuu eeruun, kan baranaas haala gaariin irratti hirmaachaa jiraachuu kan himan immoo qonnaan bulaa obbo Hambisaa Guddinaati. Lafti isaanii kanaan dura dhiqama biyyeef saaxilamee oomishaa fi oomishtummaan kan gadi bu’e ta’uu eeruun, amma garuu lafti isaanii damdamachuu himaniiru. Hojiilee kunuunsa biyyee fi bishaaniin daagaa fi hojiiwwan eegumsa naannoo kan biroo hojjetaniin naannoo isaaniitti jijjiiramni qabatamaan argameera kan jedhan immoo qonnaan bulaa gara biroo obbo Kennasaa Ammumaa dha. Kanaafuu kunuunsa biyyee fi bishaanii misooma daagaa irratti qonnaan bultoota biroo waliin ta’uun hirmaachaa akka jiran dubbataniiru.
Misoomni kunuunsa naannoon hojjetaman dhaloota fayyaa qabeessa horachuuf faayidaa olaanaa qabu
Jan 16, 2026 184
Amajjii 8/2018(ENA) – Itiyoophiyaatti hojiiwwan kunuunsa naannoo fi misooma magariisaan hojjetaman dhaloota fayyaa qabeessa horachuu keessatti faayidaa olaanaa akka qaban ogeessonni fayyaa dhaabbilee fayyaa idil-addunyaa keessa hojjetan ibsan. Sirni hundeeffama Waldaa Daa'immanii Heemaatooloojii fi Onkooloojii Itiyoophiyaa magaalaa Finfinneetti gaggeeffameera. Sirna kana irratti ogeessonni fayyaa ENAtti akka himanitti Itiyoophiyaatti misoomni kunuunsa naannoo fi misoomni magariisaa fayyaa namaa eeguuf, sochii ispoortii fi hariiroo hawaasaaf faayidaan isaan qaban olaanaa jedhan. Awustiraaliyaatti ogeessa fayyaa kan ta’an doktar Biroonwin Maakinaamaaraa magaalaa Finfinneetti qulqullina naannoon,bakkeewwan magariisaa fi paarkota babal’isuun hojiin hojjetame magaalittiin kan duraarraa adda ta’uu ibsan. Keemikaalonnii fi pilaastikoonni rakkoo fayyaa geessisuu waan danda’aniif, faalama hambisuuf tattaaffiin adeemsifamaa jiru kan ajaa’ibsiifamu ta’uu himan. Hojiiwwan kunuunsa naannoo taasifame eegumsa fayyaaf faayidaa olaanaa qabu jedhan Yunivarsiitii Toroontootti piroofeesara kan ta’an Shiilaa Wayitzimaan. Magariisnii fi naannoon qulqulluu eegumsa fayyaaf wantoota gargaaruu danda’an keessaa tokko ta’uu eeruun, dhibee dursanii ittisuun brabaachisaadha jedhan. Daarektarri Piyuur Eerzi (Pure Earth) Baha Afrikaa Fireewu Kaffaaloo gama isaaniin waggoota hedduudhaaf kunuunsaa fi eegumsa qulqullina naannoo irratti dargaggoota hirmaachisuun hojjechaa jiraachuu himan.
Godinichatti lafa heektaara kuma 273 caalu irratti hojiin eegumsa biyyoo fi bishaanii gaggeeffamuu eegaleera
Jan 15, 2026 195
Amajjii 7/2018(ENA)- Godina Shawaa Lixaatti lafa heektaara kuma 273 caalu irratti hojiin eegumsa biyyoo fi bishaanii gaggeeffamuu eegaluusaa bulchaan godinichaa ibse. Hojiin eegumsa biyyoo fi Bishaanii sadarkaa godinaatti gaggeeffamu aanaa Amboo ganda Ilaamuu Goromtiitti ifatti eegalameera. Itti aanaa bulchaan godina Shawaa Lixaa obbo Abbabaa Camadaa wayita sana akka jedhanitti, hojiileen eegumsa biyyoo fi bishaanii waggoottan darban raawwataman lafti deebi’ee akka gabbatu godheera. Bona kanas hojii kana itti fufsiisuudhaan duula eegumsa biyyoo fi bishaanii qindaa’aa baatii lamaaf turu kutaalee hawaasaa garagaraa hirmaachisuun lafa heektaara kuma 273 caalurratti hojiin eegumsa biyyoo fi bishaanii akka raawwatu dubbataniiru. Hojii bifa duulaan gaggeeffamu Kanaan jiraattonni godinichaa kuma 600 caalan ni hirmaatu jedhamee akka eegamus himaniiru. Itti aanaan hoogganaa waajjira qonnaa godina Shawaa Lixaa obbo Abdiisaa Hayiluu gamasaaniin, hojii eegumsa biyyoo fi bishaanii bu’a qabeessa gochuuf ogeeyyota qonnaa sadarkaan jiran, qonnaan bultootaa fi kutaalee hawaasaa biroof leenjiin kennamuu dubbataniiru. Bulchaan aanaa Amboo obbo Masarat Guddisaa akka jedhanitti, hojiilee eegumsa qabeenya uumamaa yeroo darbe aanichatti gaggeeffameen bakkeewwan misoomaan ala turan deebi’anii misoomaa jiru. Hawaasnis faayidaasaa waan hubateef misooma sululaarratti hirmaachaa jiraachuu eeranii, aanichatti lafa km kuma 2 fi 700 ol hojiileen daagaa, lubbu qabeeyyii ni raawwatama jedheera. Qonnaan bultoonni aanaa Amboo ganda Ilaamuu Goromtii hojiin misooma sululaa hojiirra osoo hin ooliin dura lafti qonnaa isaanii biyyoon gabbataan lolaan waan haxaa’ameef oomishtummaansanii hir’achuusaa eeraniiru. Rakkoo kana furuufis hojii eegumsa biyyoo fi bishaanii qindaa’aarratti hirmaachuusaanii ibsaniiru. Hojiileen eegumsa biyyoo fi bishaanii waggoottan darban misooma sululaan raawwataman dhiqama biyyoo oolcheera jedhan. Kunis oomishni midhaanii akka dabalu gochuusaa dubbataniiru.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 1876
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan. Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru. Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru. Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.
Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifama
Dec 7, 2024 10132
Sadaasa 27/2017(TOI) - Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu Humni Elektiriikii Itoophiyaa beeksise. Har'a galgala kana tasgabbii dhabuu sistamaatiin rakkoo mudateen guutuu biyyattiitti humni elektirikii addaan citeera. Rakkoo kana hiikuufi humnicha deebisuuf buufatalee maddoota humnaafi raabsaatti tattaaffiin olaanaa taasifamaa jira. Rakkoo umame Humni Elektiriikii Itoophiyaa hiikee hanga bakkasaatti deebisutti obsaan akka nu eegdan kabajaan gaafachaa, odeeffannoowwan jiran hatattaamaan kan isiniin biraan geenyu ta'a jechuun Tajaajilli Elektiriikii Itoophiy karaa miidiyaa hawaasummaa isaa beeksiseera.