Tamsaasa Kallatti:
Angafoota Oduu
Injifannoon Adwaa Itiyoophiyaa birmadummaashee gonfatte dhalootaa dhaalchisuuf barnoota guddaa kan dabarsu injifannoo olaanaa dha.
Feb 22, 2026 62
Guraandhala 15/2018 (ENA): Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee akka himanitti, injifannoon Adwaa Itiyoophiyaa birmadummaashee gonfatte dhalootaaf dabarsuu keessatti barnoota guddaa qaba jedhani. Abbootiin hawwii koloneeffataa fashaleessuuf gama hundaan qabsaa’an injifannoo Adwaa madda bilisummaa fi boonsaa ummata gurraacha ta’e injifachuun milkaa’aniiru jedhani. Injifannoon Adwaa Guraandhalli 23/1888 bakka tokkummaan biyyoolessaa uummata Itiyoophiyaa tokkummaan ba’ee diina daangaa ce’ee isa weeraruuf dhufe itti injifate waan ta’eef, waggaa waggaan yaadannoon isaa ni kabajama. Biiroon Dargaggootaa fi Ispoortii Magaalaa Finfinnee waggaa 130ffaa Injifannoo Adwaa sababeeffachuun mata duree “Imaanaa Tokkummaa Adwaa: Birmadummaa fi Olka’insaaf’’ jedhuun sochii qaamaa hawaasa guutuu hirmaachise qopheesseera. Sagantaa kana irratti kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abebee, Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa Injinar Aayishaa Mahaammad, Ministirri Aadaa fi Ispoortii Shawiit Shankaa fi keessummoonni biroo argamaniiru.   Injifannoon Adwaa, kan abbootiin keenya Adwaatti injifatan, dhaloonni amma jirus Itiyoophiyaa guutummaatti birmadummaashee eeggatte, misoomaa fi nagaa waaraatiin dhaloota itti aanutti dabarsuu akka qaban yaadachiisaniiru. Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa Injinar Aayishaa Mahaammad gama isaaniitiin akka ibsanitti, Injifannoon Adwaa bu’aa injifannoo waraanaa akka laayyootti argame osoo hin taanee, bu’aa cimina, ogummaa, abshaalummaa fi tokkummaati jedhani. Injifannoon Adwaa, kan abbootiin keenya tokkummaa fi humna guutuun rakkina irra aanuun injifatan, bu’aa jabinaafi humna qaamaa cimaa akka ta’es ibsaniiru.
Tooftaa lolaa kan beekuu fi gaachana biyyaa kan ta’e Iiziin Ajaja duula Addaa dirqama isatti kenname gahumsaan ba'achuuf qophii dha
Feb 22, 2026 76
Guraandhala 15/2018 (ENA): Tooftaa lolaa kan beekuu fi gaachana biyyaa kan ta’e Iiziin Ajaja duula Addaa dirqama isatti kenname gahumsaan ba'achuuf qophii ta’uu Ajajaan ajaja duula addaa Letenaal Jeneraal Shumaa Abdataa ibsaniiru. Ayyaanni hundeeffama Ajaja duula addaa waggaa 65ffaan qophiilee adda addaatiin kabajamaa jira. Ajajaan ajaja duula addaa Letenaal Jeneraal Shumaa Abdataa ayyaana kana sababeeffachuun ergaa dabarsaniin, ayyaanni kun guyyoota muraasa darbanitti qophiilee adda addaatiin kabajamaa turuusaa himani.   Fakkeenyaaf, Duulli addaa kunniin, kitaaba, asxaa haaraa, faaruu Iizichaa fi dokumantariin qophahee kan eebbifaman ta’uu himaniiru. Fiigichi kiiloo meetira 10 fi agarsiisni adda addaa dhiyaachuu himaniiru. Kabajni ayyaana hundeeffama waggaa 65ffaa Ajaja duula Addaa sababoota gurguddoo sadiif barbaachisaa ta’uus eeraniiru. Tokko imala haaromsa Raayyaa Ittisa Biyyaa waggaa 65 haala dhaloota itti aanuu fayyaduu danda’uun dabarsuu ta’uu ibsaniiru. Inni lammaffaa immoo haala yeroo ammaa Ajajni duula Addaa bu'aa haaromsa taasifameen gahumsa maalirra akka jiru uummataaf, mootummaa fi diinaaf kan agarsiifnu dha jedhani. Kunis biyyaaf gaachana ta’uu kan danda’u ta’uu akka hubatanii fi diinotaaf immoo ergaa guddaa kan qabu akka of adabatanii taa’aniif jechuu himani. Ta’uu baannan garuu yoo lola jalqaban akka salphachuu danda’aniif ergaa guddaa dabarsuuf ta’u himaniiru.   Ergaan inni sadaffaa, gootummaan kaleessa akka ture, har’as itti fufee akka jiru; garuu tooftaalee kaleessaa waliin deemuu hin dandeenyu, kanaaf muuxannoo kaleessaa fudhachuun, yeroo ammaa waliin walitti qindeessuunii fi muuxannoo taatee sanaa irraa barachuun kan kaayyeffatee fi bara waliin deemuu kan danda’u ta’uu hubachiisuuf kabajamaa jira jedhani. Akkasumas Ajajni Duula Addaa ajajaa tokko irraa gara sadarkaa har’a irra ga’etti bahii hedduu keessa darbee akka guddate eeraniiru. Harka tokkoon osoo waraannuu, harka kaaniin osoo leenjinuu, Ajaja Iizii Duula Addaa gurmeessuu qofa osoo hin taane, humna rukutuu danda’u Rippaabilikaan Gaardii(Eegdota Rippaabilikaanii) olaanaa biyyattii akka hundeffamu taasisuun danda’amuu himaniiru.   Guyyaa har’aas leenjii komaandoo marsaa 44ffaa xumuranii kan eebbifaman akka jiran eeruun,miseensonni hedduun leenjii irra akka jiran himaniiru. Ajajni Duula Addaa tokkummaa keessoo kan kaleessaa caalaa gubbaa hanga jalaatti kan qindaa’ee fi leenji’e horachuu isaa ibsaniiru. Galaanarrattis ta’e lafarratti, haala qilleensaa kam keessattiyyuu fi haala teessuma lafaa iddoo kamittiyyuu Ajajni Duula Addaa ergama Mootummaa, Uummataa fi Dhaabbata isaa eeguuf kutannoon kan hojjetuu fi ergama isaa milkaa’inaan kan galmaan ga’u ta’uu mirkaneessaniiru.
Kabaja biyya isaa fi daangaa biyyaa kan kabachiisuuuf dirqama kamiifiyyuu qophii kan ta’e goota, gahoomaa fi jabina kan qabu Raayyaa Ittisaa ijaarreerra- Fiildi Maarshaal Biraanuu Juulaa
Feb 22, 2026 59
Guraandhala 15/2018 (ENA): Kabaja biyya isaa fi daangaa biyyaa kan kabachiisuuuf dirqama kamiifiyyuu qophii kan ta’e goota, gahoomaa fi jabina kan qabu Raayyaa Itisaa ijaarreerra jedhan Itaamaajoor Shuumiin Walii-galaa Humnoota Waraanaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiildi Maarshaal Biraanuu Juulaa. Sirna cufiinsa kabaja waggaa 65ffaa Ajaja Duula Addaa Raayyaa Ittisa Biyyaa; istaadiyeemii Hawaasaatti bakka Ajajaan Olaanaa Raayyaa Ittisa Biyyaa fi Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad, Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoo, Itaamaajoor Shuumiin Walii-galaa Humnoota Waraanaa Fiildii Maarshaal Biraanuu Juulaa fi qondaaltonni olaanoo Raayyaa Ittisa Biyyaa biroo, miseensonni Loltootaa fi kanneen biroo argamanitti gaggeeffameera.   Raayyaan Raayyaa Ittisa Biyyaa teknooloojii fi meeshaa waraanaa ammayyaa baay’ee akka gaariitti kan hidhate ta’uu ibsuun, Loltuun gootummaa qabu, dandeettii fi gahumsa qabu waan hundaa’eef, kabajaa fi daangaa biyyaa eeguuf dirqama kamiifuu qophii kan ta’e ijaaramuu isaa mirkaneessaniiru. Kanumaan walqabatee Ajajni Duula Addaa gama hundaan ajaja qindaa’ee fi qophaa’e ta’uu ibsuun, gootummaa kanaan dura raawwataman hedduu tarreessaniiru. Adeemsa jijjiiramaa keessatti qaamolee jeequmsa uumuuf carraaqan hordofuu fi seera kabachiisuun injifannoodhaan goolabuun akka danda’ame dubbataniiru.   Ayyaana kana waliin agarsiisni loltummaa qilleensaa, agarsiisa loltumaa bishaan irratti hundaa’ee fi agarsiisa loltummaa lafa irratti kan argamu yoo ta’u, sagantaan xumuraa har’a gaggeeffameera. Sagantaa har’aa kanaan eebbifamtoonni Komaandoo Raayyaa Ittisa Biyyaa 44ffaa kan eebbifaman yoo ta’u, bakka keessummoonni kabajaa argamanitti miseensonni Ajaja Duula Addaa agarsiisa hiriira loltummaa agarsiisaniiru. Miseensonni Raayyaa Ittisa Biyyaa kun yeroo gabaabaa keessatti ergama addaa raawwachuuf kan isaan dandeessisu agarsiisa qilleensarraas qophii ta’uu isaanii helikooptaraan agarsiisaniiru. Barattoonni manneen barnootaa adda addaa magaalaa Hawaasaa irraa dhufan agarsiisa adda addaa waliin dhiheessaniiru.
Humna Ittisaa hundagaleessaa fi amansiisaa ta'e ijaarreerra - Fiildi Maarshaal Biraanuu Juulaa
Feb 22, 2026 65
Guraandhala 15/2018 (ENA): Humni Ittisaa baay’inaafi qulqullinaan leenji’ee, hundagaleessaa fi amansiisaa ta’e ijaaramuu isaa Itaamaajoor Shuumiin Walii-galaa Humnoota Waraanaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiildi Maarshaal Biraanuu Juulaa beeksisaniiru. Sirni cufiinsa waggaa 65ffaa Ajaja Duula Addaa Raayyaa Ittisa Biyyaa istaadiyeemii Hawaasaatti gaggeeffameera.   Sagantaa kana irratti Ajajaan Olaanaa Raayyaa Ittisa Biyyaa fi Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad, Giiftii Duree Zinnaash Taayyaachoo, Af-yaa’ii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa obbo Taaggasaa Caafoo, Fiildii Maarshaal Biraanuu Juulaan, Bulchaan Bulchiinsa Mootummaa Naannoo Sidaamaa obbo Dastaa Leedamoo, Jeneraalonni Ol’aanoo Raayyaa Ittisa Biyyaa fi qondaaltonni federaalaa fi naannoo argamaniiru. Kanuma waliin Itiyoophiyaan qormaata alaa fi keessoo ishee mudate irra aanuun milkaa’ina guddaa galmeessitee jirti jedhan Itaamaajoor Shuumiin Walii-galaa Humnoota Waraanaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Fiildi Maarshaal Biraanuu Juulaa. Jijjiirama biyyoolessaa irraa eegalee haaromsi Raayyaa Ittisa biyyaalessaa cimaan ijaaramuu ibsaniiru.   Kunis gaggeessummaa Ministirri Muummee Doktar Abiyyi Ahimad ijaarsa Raayyaa Ittisaa biyyoolessaa qaama kamirraayyuu bilisa ta’e ijaaruuf qajeelfama kennaniin kan hojjetamaa jiru ta’uu ibsaniiru. Ijaarsi loltummaa kun kan diigamee ture qindeessuun sadarkaa kanarra gahuu himani. Yeroo ammaa kanattis, loltoonni gahumsaa fi naamusa olaanaa qaban akka ijaaraman eeruun, ijaarsi kutaalee loltummaa adda addaa milkaa’inaan raawwatamuu ibsaniiru. Waggoota muraasa darban keessatti rakkoo nageenyaa naannoo adda addaatti uumame hiikuu cinaatti loltoonni cimaan ijaaramuusaa eeraniiru. Waraana booda kallattii kaa’ame galmaan ga’uuf guyyaatti sa’aatii 24 hojjechuun loltuu ittisa biyyaa amanamaa baay’ina, qulqullina, gurmaa’ina, gosa, teeknooloojii, misooma indaastirii ittisaa fi misooma bu’uuraalee misoomaa hunda galeessa ta’e ijaarree jirra jedhan. Ajajni Duula Addaa waraana cimaa biyyaa fi ummata boonse ta’uu ibsuun, Ajajni Duula Addaa yeroo yeroon qulqullina leenjii isaa guddisuu qofa osoo hin taane, Eegdonni Rippabilikaanotaas akka uumamu taasiseera jedhan.   Waggoota 65 darban keessatti lola naannoo hedduutti geggeeffame keessatti Ajajni Duula Addaa qabatamaan of mirkaneessee jira. Har’as leenjiin bu’uuraa komaandoo marsaa 44ffaa guyyaa hundeeffama Ajaja Duula Addaa akka ta’e ibsuun, eebbifamtootaaf baga gammaddan jechuun ibsaniiru. Raayyaan ittisa biyyaa haala nagaa waaraa biyyattii mirkaneessuu fi birmadummaa biyyaa mirkaneessuun ergama amma qabu bahachuu akka itti fufu mirkaneessaniiru.
Humni jabaanii fi amansiisaan akkuma kaleessaa nagaa Itiyoophiyaa, naannichaa fi Afriikaa eegsisu ijaarameera
Feb 22, 2026 43
Guraandhala 15/2018 (ENA): Humni jabaanii fi amansiisaan akkuma kaleessaa nagaa Itiyoophiyaa, naannichaa fi Afriikaa eegsisu ijaarameera jedhan Ajajaan Olaanaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad. Ayyaanni hundeeffama Ajaja Duula Addaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa waggaa 65ffaan Ajajaan Olaanaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa Ministirri Muummee Dooktar Abiyyi Ahimad argamanitti sagantaalee adda addaatiin kabajameera.   Saganticha irratti haasaa taasisaniin Dr. Abiyyi Ahimad, Ilmi namaa aadaa, afaanii fi eenyummaa ofii qabaatee dhalata. Duultonni Addaa har’aa, haadhaa fi abbaa isaanii irraa, biyya isaanii Itiyoophiyaa irraa akkasumas qilleensa irraa kan dhalatan kennaa addaa Itiyoophiyaati jedhani. Humni addaa abbaan koochoo lamaa, kooffiyyaa diimaa uffatan, qilleensarraa furguggifamuun kan bu’an, harka tokkoon naamusa, harka biraan immoo kaayyoo akka qabatan ta’uu eeraniiru. Gootota lola qabsaa’anii xumuran, alaabaan keenya magariisa, keelloo, diimaa bilisummaa Afrikaa ta’uu eeruun, gootota kanaaf kabaja akka biyyaatti isaaniif malu kennineerraafii jedhani. Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad ergamni keenya dhaabbata mul’ata qabu kan dhaloota dhufuuf dabarsu uumuudha; ergamni keenya humna jabaa kan lola injifatu ijaaruu akka ta'e dubbataniiru. Ergamni miseensota Ajaja Duula Addaa Itiyoophiyaa ijaaruu, Itiyoophiyaa tiksuu, Itiyoophiyaa cimsuu, Itiyoophiyaa jijjiiruu akka ta’es dubbataniiru. Itiyoophiyaan dafqa ijoollee isheetiin hojjetamti; lafee fi dhiiga ijoollee isaatiin jabaatti jedhan Ministirri Muummee. Dhaabbanni keenya nagaa fi badhaadhina Afrikaa mirkaneessuu fi biyyoota naannichaaf gaachana ta'uu dha jedhani Dr. Abiyyi Ahimad. Kana qofa osoo hin taane ummatoota obbolaa keenya fiixee Somaaliyaa irraa kaasee hanga fiixee Mistuwwaatti deggeruun misoomaa fi badhaadhina naannichaa mirkaneessuuf ni hojjenna jedhani. Humni jabaan, teknooloojii hidhate, Itiyoophiyaa qofaaf osoo hin taane naannichaafis, dahannoo qofa osoo hin taane iddoowwan tarsiimoo keessatti qabsaa’u hundeessuu beeksisaniiru. Kanaafis biyyoota Afrikaa Bahaa fi biyyoota Afrikaa hundaan baga gammaddan jedhaniiru. Humni jabaan kuni ijaaramuun isaa waraannii fi shororkeessummaan naannoo keenyatti akka hin uumamneef yoo uumame immoo yeroo gabaabaa keessatti xumuruuf kan kaayyeffatee dha jedhani Dr.Abiyyi Ahimad. Humni nuti ijaarre akkuma kanaan dura ergama idil-addunyaa bahachaa ture kabajaan raawwate sana mirkaneessuuf kan kaayyeffate ergama addaa isaaf kenname hanga aarsaa lubbuutti kan raawwatu ta’uu fi kabaja Itiyoophiyaa ta’uu ibsani. Humni Itiyoophiyaan ijaarte yeroo ammaa kana humna jabaa fi amansiisaa akkuma kaleessaa birmadummaashee kan kabachiisu ta’uu ibsaniiru.
Kan mul'ate

Pulse Of Africa

POA English

POA English

Pulse Of Africa - English Language

Your news, current affairs and entertainment channel

Join us on

POA Arabic

POA Arabic - عربي

Pulse Of Africa - Arabic Language

قناتكم الاخبارية و الترفيهية

Join us on

Siyaasa

Boordiin filannoo biyyaalessaa mallattoo paartiilee siyaasaa filannoo biyyaalessaa 7ffaa dorgomuuf galmaa’anii ifoomse
Feb 21, 2026 145
Guraandhala 14/ 2018(ENA):- Boordiin filannoo biyyaalessaa Itiyoophiyaa mallattoo paartiilee siyaasaa filannoo biyyoolessaa 7ffaa dorgomuuf galmaa’anii ifoomseera. Boordichi sagantaa mallatteessuu danbii naamusaa kaadhimamtootaa gaggeessaa kan jiru yoo ta’u, saganticha irratti,miseensonni Boordiin filannoo biyyaalessaa Itiyoophiyaa, hoggantoonni paartiilee siyaasaa fi miseensonni, akkasumas bakka bu’oonni Hawaasa Dhaabbilee Sivilii argamaniiru. Dura teessuun Boordichaa Meelaatwarqi Haayiluu wayita sana akka jedhanitti, boordichi filannoo gaggeessuuf qophiin taasisaa jiru cimsee itti fufa.   Paartiileen siyaasaa hedduun kaadhimamtoota galmeessaa jiraachuu ibsuun, galmee filattootaa gaggeesuuf qophii barbaachisaa taasisaa jirra jedhaniiru. Raawwachiiftota filannoof leenjii leenjiftootaaf kennaa jiraachuu eeruun, dhaabbilee Hawaasa siivilii 169’f leenjii kennuusaa dubbataniiru. Boordichi haala qophii meeshaalee filannoo ilaalchisee miidiyaalee adda addaa daawwachiisuu eeraniiru.   Mallattoon filannoo paartiilee har’a ifooman filattoonni paartii barbaadan mallattoosaa baranii akka filatan gochuuf kan kaayyeffatedha jedhaniiru. Filannichi nagaa qabeessaa fi haqa qabeessa akka ta’u, danbiin sirna naamusaa kaadimamtoota kan qophaa’e ta’uu hubachiisuun, paariileen siyaasaa danbicha akka mallatteessan dubbataniiru.   Filannichi haqa qabeessa, dimokiraatawaa fi nagaa qabeessa ta’ee akka gaggeeffamuuf qaamoleen qooda fudhattootaa qooda isaanirra egamu bahuu akka qaban hubachiisaniiru.  
Filannoon walii galaa 7ffaan waltajjii murteessaa ummanni naannoo Tigraayi nama naaf ta’a jedhu itti filatudha
Feb 21, 2026 120
Guraandhala 14/2018 (ENA)- Filannoon walii galaa 7ffaan waltajjii murteessaa ummanni naannoo Tigraayi bakka bu’ootasaa naaf ta’u jedhu bilisa ta’e itti filatuta’uu miseensi mana maree paartii Simirat doktar Shishaayi Amaaree ibsan. Ummanni Tigraayi jijjiirama waliin akka hin adeemne dhiibbaa keessa akka turu taasifamee yeroo dheeraaf gidirfameera jedhan doktar Shishaayi turtii ENA waliin taasisaniin. Haa ta’u malee akkaataa walii galtee Piriitooriyaatiin bulchiinsi yeroo hundeeffamee ummanni naannichaa tasgabbaa’ee nagaa akka argatu taasisuun jijjiiramni amma tokko dhufuusaa dubbataniiru. Filannoon walii galaa torbaffaa barana gaggeeffamuun ummanni bilisaan ba’ee filachuu akka barbaadu ibsanii, kanaaf ammoo filannoon hammataa fi hirmaachisaan naannicha keessatti gaggeeffamuu akka qabu hubachiisaniiru. Kanaaf kanneen dhimmi ilaallatu xiyyeeffannoo addaatiin tumsaan hojjechuun akka irraa eegamu cimsanii kaasaniiru. Beekamtii seeraa boordii filannoorraa kan hin qabne gareen ABUT naannoo Tigraayitti filannoon akka hin gaggeeffamne fedhii akka qabu eeranii, haalli kun karaa seeraatiin deebii argachuu qaba jedhaniiru. Filannoon akka gaggeeffamu tumsa qindaa’aa gochuun ummata naannichaaf aara galfii guddaa ta’uu kaasaniiru. Kun ammoo gaaffiin ummanni Tigraayi gaafatu deebii haqa qabeessa akka argatuu fi dhageettii akka argatu gumaacha guddaa qaba jechuun ibsaniiru. Mariin biyyaalessaa Itiyoophiyaa keessatti adeemsarra jiru fayyadama haqa qabeessa lammiilee hundaa hubannoo keessa karaa galcheen hundeeffamuunsaa garaagarummaa bakkaa bakkatti mudatanii fi sirrii hin taaneef furmaata kan ta’udha jedhaniiru. Keessumaa ummata naannoo Tigraayiif carraalee hedduu fidee kan dhufu furmaata guddaa ta’uusaas hubachiisaniiru.

Hawaasummaa
Injifannoon Adwaa Itiyoophiyaa birmadummaashee gonfatte dhalootaa dhaalchisuuf barnoota guddaa kan dabarsu injifannoo olaanaa dha.
Feb 22, 2026 62
Guraandhala 15/2018 (ENA): Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee akka himanitti, injifannoon Adwaa Itiyoophiyaa birmadummaashee gonfatte dhalootaaf dabarsuu keessatti barnoota guddaa qaba jedhani. Abbootiin hawwii koloneeffataa fashaleessuuf gama hundaan qabsaa’an injifannoo Adwaa madda bilisummaa fi boonsaa ummata gurraacha ta’e injifachuun milkaa’aniiru jedhani. Injifannoon Adwaa Guraandhalli 23/1888 bakka tokkummaan biyyoolessaa uummata Itiyoophiyaa tokkummaan ba’ee diina daangaa ce’ee isa weeraruuf dhufe itti injifate waan ta’eef, waggaa waggaan yaadannoon isaa ni kabajama. Biiroon Dargaggootaa fi Ispoortii Magaalaa Finfinnee waggaa 130ffaa Injifannoo Adwaa sababeeffachuun mata duree “Imaanaa Tokkummaa Adwaa: Birmadummaa fi Olka’insaaf’’ jedhuun sochii qaamaa hawaasa guutuu hirmaachise qopheesseera. Sagantaa kana irratti kantiibaan magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abebee, Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa Injinar Aayishaa Mahaammad, Ministirri Aadaa fi Ispoortii Shawiit Shankaa fi keessummoonni biroo argamaniiru.   Injifannoon Adwaa, kan abbootiin keenya Adwaatti injifatan, dhaloonni amma jirus Itiyoophiyaa guutummaatti birmadummaashee eeggatte, misoomaa fi nagaa waaraatiin dhaloota itti aanutti dabarsuu akka qaban yaadachiisaniiru. Ministirri Raayyaa Ittisa Biyyaa Injinar Aayishaa Mahaammad gama isaaniitiin akka ibsanitti, Injifannoon Adwaa bu’aa injifannoo waraanaa akka laayyootti argame osoo hin taanee, bu’aa cimina, ogummaa, abshaalummaa fi tokkummaati jedhani. Injifannoon Adwaa, kan abbootiin keenya tokkummaa fi humna guutuun rakkina irra aanuun injifatan, bu’aa jabinaafi humna qaamaa cimaa akka ta’es ibsaniiru.
Hawaasaan magaalaa jaalalaa, nagaa, gammachuu qofa osoo hin taane, magaalaa mul'anni Itiyoophiyaa keessaa burqu dha- Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Feb 22, 2026 58
Guraandhala 15/2018 (ENA): Hawaasaan magaalaa jaalalaa, nagaa, gammachuu qofa osoo hin taane, magaalaa mul’anni Itiyoophiyaa irraa burqudha jedhan Ajajaan Olaanaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa, Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad. Ayyaanni hundeeffama Ajaja Duula Addaa Raayyaa Ittisa Biyyaa waggaa 65ffaa sagantaalee adda addaatiin bakka Ajajaan Olaanaa Raayyaa Ittisa Biyyaa Itiyoophiyaa Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad argamanitti kabajameera.   Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad waggaa shan dura, Finfinneen Ilillee akka taatu kan jedhamaa ture yaadachuun, Yeroo ammaa Finfinnee qofa osoo hin taanee, magaalonni hedduun waggoota darban keessatti Abaaboo ta’uu ibsaniiru. Hawaasaan immoo iftee arguu kootti gammadeera kan jedhan Ministirri Muummee, Hawaasaan magaalaa miidhagduu taate kana dhuftanii akka daawwattan isin affeereera jedhani. Magaala kana keessatti uummata Itiyoophiyaaf kan ani mirkaneessuu barbaadu, Itiyoophiyaan ni badhaati, fakkeenya Afrikaas ni taati kan jedhu dha jedhani. Ijoollee keenyaaf hiyyummaa seenaa gochuun Itiyoophiyaa badhaatee fi fakkeenya Afrikaa taate Afrikaa hundaa taate dabarsinee kennina jedhani. Dafqa Keenya cobsinee, dhiiga keenya dhangalaasnee, lafee keenya caccabsinee, Itiyoophiyaa, Sidaamaa, Hawaasaa fi Afrikaa ijaarra jedhani. Ministirri Dr. Abiyyi Ahimad jiraattonni magaalaa Hawaasaa kantiibaa gaarii ta’e argataniiru kan jedhani yoo ta’u, miidhagina magaalattii kana kan hawaasni daawwachuuf magaalaa idil addunyaa taasisuuf hojjechuu qabna jedhaniiru.
Diinagdee
Manni murtii bulchiinsa gabaa kaappitaalaa Itiyoophiyaa sirna hojmaatasaa si’ataa fi qaqqabamaa taasisuf teeknooloojii ammayyaa diriirseera
Feb 21, 2026 91
Guraandhala 14/2018 (ENA)- Manni murtii bulchiinsa gabaa kaappitaalaa Itiyoophiyaa sirna hojmaatasaa si’ataa fi qaqqabamaa taasisuf teeknooloojii ammayyaa diriirsuudhaan hojiitti galuusaa ibse. Manni murtii bulchiinsa gabaa kaappitaalaa Itiyoophiyaa sirna dinagdee Itiyoophiyaa keessatti qama haqaa isa haaraa fi murteessaadha. Manni murtii kun akkaataa lakkoofsa labsii gabaa kaappitaalaa 1248/2013’n kan hundeeffame yoo ta’u dhiibbaa hojii maneen murtii idileerra jiruu fi amala addaa damee Kanaatiin dhimmoota ga’umsaan murtoo kennuuf akka danda’amuufidha. Kaayyoonsaa ijoon waldhabdeewwan hirmaattota gabaa kanaa jidduutti uumaman of danda’uun ogeessaan kan qoratu yoo ta’u manni murtii kun ggabaan amanamummaan akka qajeelfamu gochuuf qooda guddaa nib ahata. Dura taa’aan abbaa murtii mana murtii bulchiinsa gabaa kaappitaalaa Itiyoophiyaa Abinnat Zarfuu ENAtti akka himanitti, komiiwwan murtoo manni murtii abbaa taayitaa gabaa kaappitaala Itiyoophiyaa dabarsurratti dhihaatan qoratee murtoo kenna. Hundeeffamee wagga tokko kana keessatti hojjettoota guuttachuu dabalatee hojii jajjabeessaa hojjechuusaa eeranii, qajeelfamni naamusaa manni murtichaa ittiin qajeelfamu qophaa’ee xumuramuusaa beeksisaniiru. Tajaajilamtoonni bakkuma jiranirraa oliyyachuu akka danda’an sirni teeknooloojii diriirfamuusaa dubbataniiru. Manni murtii kun ministeera dhimma alaa waliin walitti dhiheenyaan hojjechaa jiraachuu eeranii, carraaqqiiwwan kanneen keessaa gitasaa kan ta’e dhaabbata Taanzaaniyaa waliin sanada walii galtee mallatteessuuf qophiirra akka jiru eeraniiru. Walii galteen kun muuxannoo abbaa seerummaa biyyoota lamaan jidduu jiru qooduu fi tumsaan hojjechuuf faayidaa guddaa ni qabaata jedhaniiru. Kana malees haal dureen sadarkaa Afriikaa bahaatti foramii maneen murtii bulchiinsaa gabaa kaappitaalaa hundeessuuf gargaaru raawwatamaa jiraachuu eeraniiru. Kun ammoo walitti hidhaminsa gabaa sadarkaa riijiniitti cimsuu fi sirna abbaa seerummaa wal fakkaataa diriirsuuf akka gargaaru itti amanameera jedhaniiru.
Qonnaan bultoonni Kilaasteraan Burtukaana  omishaa jiran dargaggoota biroof carraa  hojii  uumaa jiru
Feb 20, 2026 122
Qonnaan bultoonni Kilaastaraan Burtukaana omishaa jiran dargaggoota biroof carraa hojii uumaa jiru Guraandhala 13/2018(ENA): Dirree Dawaatti qonnaan bultoonni kilaastaraan Burtukaana misoomsaa jiran mataasaaniirra darbanii dargaggoota biroof carraa hojii uumaa jiraachuu ibsan. Waggoottan darban gandoota baadiyyaa Dirree Dawaatti bu’uuraaleen misomaa jallisii ijaaraman omishaa fi omishtummaa guddisuuf hawaasa gargaaramuurraa gara omishtummmaatti ceesisaa jiraachuu Bulchiinsi Dirree Dawaa ibseera. Qonnaan bultoonni ganda Reeggee fi Ija Aannanii gamasaaniin ENA’f akka ibsanitti, waggoottan afran darban pirojektoonni jallisii ijaaraman omishaa fi omishtummaa guddisuuf dandeessiseera jedhani.   Qonnaan bulaa Ibiraahim Usmaan qonna magaalaan, Sagantaa Maaddii guutuunii fi misooma suluulaan misoomawwan hojjetamaa jiran kennaa uumamaa sirnaan fayyadamuun jireenyasaanii jijiiruuf isaan dandeessisuu ibsaniiru. Ammaan dura hojii gurgurtaa mukaatiin duraan jiraachaa kan turan dhiisuun, waldaan gurmaa’anii kilaastaraan oomisha burtukaanaa irratti bobba’uun jireenya isaanii jijjiiruuf isaan dandeessisuu dubbataniiru. Qonnaan bulaa Aliyyi Awwal gamasaaniin, misooma sululaa lafa irratti hojjetamerratti burtukaanaa omishuun omishtummaasaanii guddisuusanii dubbataniiru. Biiroon Qonnaa sanyii fuduraalee filatamoo dhiheesuun olitti ogeeyyiin deeggarsaa fi hordoffiin taasisan saffisaan gargaaramuu keessaa bahuuf isaan dandeessisuu ibsaniiru. Yeroo ammaa gara omishaatti ce’uun dargaggoota 30f carraa hojii uumuusaanii dubbataniiru.   Itti gaafatamaan waajjira Qonnaa, Bishaanii,Albuudaa fi Inarjii Dirree Dawaa obbo Nuuraddin Aliyyii gamasaaniin waggoottan darban gandoota baadiyyaatti bu’uuraaleen misooma jallisii ijaaraman qonnaan bulaan gargaaramuurraa gara omishtummaatti akka ce’an taasiseera jedhaniiru.   Keessumaa kilaastarri burtukaanaa ganda Reeggee qonnaan bulaan damee fuduraan bu’aa galmeessa jiran akka fakkeenyaatti kan eeramu ta’uu dubbataniiru. Qonnaan bultoota kanaaf sanyii filatamaa Yuunivarsiiitii Haramayyaa fi dhaabbilee qorannoo biroorraa argaman dhaqqabsiisuu ibsaniiru.    
Magaalota ammayeessuun galii manneen qopheessaa guddiseera
Feb 20, 2026 112
Finfinnee Guraandhala 13/2018(ENA)- Naannoo Oromiyaatti magaalota ammayeessuun galii mannneen qopheessaa magaalotaa guddisuu Biiroon Misooma Magaalaa fi Manneenii naannichaa hime. Magaalota haaromsuun, bu’uuraalee misoomaa foyyessuun akkasumas bareedinaafi hawwattummaa magaalotaa dabaluun jiraattotaafi daldala akka dadamqse ni beekama. Misoomni kooridarii guutuu biyyattiitti hojjetame ammoo Naannoo Oromiyaattis bal’inaan waan raawatameef ammayyummaa magaalotaaf gahee guddaa dabaleera. Itti Aanaan Hogganaa Biroo Misooma Magaalaafi Manneen Oromiyaa Obbo Birihaanuu Baqqalaa ENA Afaan Oromootti akka himanitti, waggootaaf galiin magaalota naannichaarraa argamu gadi bu’aa ture. Yeroo ammaa misooma koriidariifi kenniinsa tajaajilaa ammayyeessuun galiin manneen qopheessaa magaalotaa daran akka dabalu taasiseera jedhan. Bu’uuraalee misoomaa babal’idhisuufi magaala jiraattootaaf mijooftuu taate uumuudhaan midhaginni magaalaa akka dabaluu fi magariisumman akka babal’dhatuuf hojii guddaan hojjetameera jedhan. Ijaarsi daandii aspaaltii babal’aafi mijataa ta’uu, daandiin lafa deemtotaa ijaaramuu, kan saayikilii ijaaramuu, bakki haara galfannaa ijaaramuufi magariisni babal’achuun akka magaalotni hawwataa ta’an taaseseera jedhan. Misoomni kunis qindoominaa fi dadamaqiinsa jiraattotaafi daldaltootaa hedduu guddisuu himanii galii maneen qopheessaa dabale himan. keessumaa kenniinsa tajaajiloota magaalaa keessatti tekinoloojiidhan deeggaruu fi tajaajilli kennamu iftoominaafi saffisa akka qabaatuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu himaniru. Bu’aa argameenis bara darbee galiin manneen qopheessaa magaalota Oromiyaa birrii bil. 37 akka ture himanii bara kana birrii bil. 58 galchuuf karoorfamee hojiitti galameera jedhan. Kana keessaa hanga walakkaa waggaatti birria bil. 33 kan argamee ta’uu himaniiru. Kunis kan agarsisu hawwasni magaalicha keessa jiru hirmaannaa guddaa kan godhuufi magaalaa ofii jijjiruudhaaf qophiin jiru baay’ee kan abdi namatti horu ta’uu eeraniru.
Viidiyoo
Saayinsii fi teeknooloojii
Guddattoonni hubannoo namtolchee kalaqaa fi dandeettiif akka itti fayyadamaniif haala mijataa uumuu qabna
Feb 21, 2026 84
Guraandhala 14/ 2018(ENA)- Guddattonni Teekinooloojii dijiitaalaa fi hubannoo nam-tolchee(AI)kalaqaa fi ijaarsa dandeettiif akka fayyadamaniif haala mijataa uumuun akka barbaachisu ibsameera. Waltajjiin marii Guddattootaaf haala itti fayyadama intarneetii fi hubannoo nam-tolchee dhaqqabamaa taasisuurratti Kaayyeffate Magaalaa Adaamaatti gaggeeffameera. Guddattoonni Itiyoophiyaa yeroo waliin akka deemanii fi bu’aawwan kalaqaa haarawaa akka gumaachaniif deeggarsa barbaachisaa akka taasisan Waltajjicharratti ibsameera. Haasaa baninsa waltajjicharratti kan taasisan Hoggantuun Biiroo Dhimma Dubartootaa fi Daa’immanii Aadde Mabiraat Baacaa, dhaloota booda biyya fudhatan kalaqaa fi dandeettii sirnaan qabsiisuun barbaachisa jedhaniiru. Kanaaf guddattoonni bilbilaa fi kompiitara yeroo fayyadaman taphaaf qofa osoo hin ta’iin, Hubannaa nam tolcheef (AI) fi kalaqawwan dijiitaalaaf akka oolchaniif gochuuf itti gaafatamummaa qabna jedhaniiru. Kanaafis haala mijataa uumuun hundarraa akka eegamu xiyyeeffannoo kennaniiru.   Kanaafis Maatiin, Manneen Barnootaa fi giddu galawwan dargaggootaa itti gaafatamummaa guddaa kan qaban ta’uu eeruun, egeree ifa Itiyoophiyaaf daa’immanii fi guddattootarratti har’a hojjenna jechuun dubbataniiru. Guddattoonnii fi daa’imman itti fayyadama teekinooloojii dabalatee Sagantaa guddina daa’immummaa irratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jirachuu kaasuun, kunis cimee akka itti fufu beeksisaniiru. Jijjiirama biyyaalessaa hordofuun hojiirra oolmaa Dijiitaalaa, barnoota hubannaa nam- tolchee fi giddu gala kalaqaa babal’isuun damichaan dhaloota baratee fi beekumsa gahaa qabu horachuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuun ibsameera.  
Magaalaa Shaggaritti kenninsi tajaajila socho’aan eegalame
Feb 19, 2026 74
Guraandhala 12/2018 (ENA) - Kenninsa tajaajilaa si’ataa gochuun itti fuufinsa maamilaa dhugoomsuuf Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Galaanitti tajaajilli garagaraa eegalameera. Dhaqqabamummaa kenna tajaajilaa mirkaneessuun itti quufinsa maamiltootaa dabaluuf tarkaanfiiwwan hojiirra oolfaman keessaa tajaajila wiirtuu Masoob isa tokkodha.   Magaalaa Shaggarittis tajaajila Wiirtuun tokkoo Masoob erga hundaa'ee hojiiwwan bu'aa qabeessummaa kenna tajaajilaa mirkaneessan tekinooloojiiwwan dijitaalaan deeggaramuun kennamaa jira. Kenna tajaajilaa caalaatti bu’aa qabeessa gochuuf Magaalaan Shaggar tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob socho’aa (konkolaataan) Kutaa Magaalaa Galaanitti kennaa jira. Haaluma kanaan Magaalaa Shaggar kutaa Magaalaa Galaanitti kenni tajaajilaa socho'aa seektaroolee 8 fi gosoota tajaajilaa 16n eegalchiifameera. Tajaajilootni kunneenis Waraqaa eenyummeessaa jiraatotaaf kennuu, taateewwan bu'uuraa, waraqaa ragaa hoji-dhabdummaa, Waraqaa Inshuraansii Fayyaa Haaressuu fi dijitaalessuu dabalatee waliigala tajaajilootni 16 akka kennamu eerameera.   Itti gaafatamaa Waajjira Paablik servisii fi misooma Qabeenya namaa Magaalaa Shaggar Obbo Cammaraa Shibbiruu, Mootummaan Badhaadhinaa kenna tajaajilaa si'ataa, dhaqqabamaa fi bu'a-qabeessa taasisuuf hojii hojjetameen hojiiwwan itti quufinsa maamiltootaa mirkaneessan qabatamaan argamuu himaniiru.   kunis imala dijitaalaayizeeshinii Itiyoophiyaa dhugoomsuu keessatti tarkaanfii murteessaa ta'uus ibsaniiru. Saganticharratti Hoji-gaggeessaa olaanaa Wiirtuu tajaajila tokkoo masoob Magaalaa Shagga Obbo Mokonnon Hambee akka ibsanitti, rakkoowwan kenna tajaajilaa seektaroolee Mootummaa keessa ture furuuf tarkaanfii Muummichi Ministeeraa fudhateen, tajaajila hawaasaa ammayyaa'aa, dhaqqabamaafi haqa-qabeessa taasisuuf hojiirra kan oolfameera. Kunis biyya tekinooloojiiwwan dijitaalaan dorgomtuu taatee fi dhaqqabamummaan tajaajila Mootummaa keessatti mirkanaa'e taasisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa kan jiru ta'uus ibsaniiru. Itti quufinsa maamiltootaa caalaatti guddisuuf kenna tajaajila socho'aa tekinooloojiin deeggaramuun itti dhiheenyaan hawaasa tajaajiluuf kan eegalame ta'uu himaniiru. Tarkaanfii Mootummaan kenna tajaajilaa itti dhiheenyaan hawaasaaf kennuuf hojjechaa jiru, rakkoowwan kenna tajaajilaan turan furuuf tarkaanfii murteessaa ta'uu itti Aanaa bulchaa kutaa Magaalaa Galaan Obbo Shimallis Lammeessaa himaniiru. Sagantaa jalqabsiisa kana irrattis hooggantootni sadarkaan jiranii fi tajaajilamtootni garagaraa argamaniiru.
Milkaa’inni Misooma tekinooloojii Itiyoophiyaa, Afriikaa fayyadamummaarraa gara omishtummaatti kan ceesisudha
Feb 18, 2026 117
Guraandhala11/2018(ENA)- Milkaa’inni Misooma teekinooloojii Itiyoophiyaa, Afriikaa fayyadamummaarraa gara omishtummaatti kan ceesisu ta’uu sagantaan misooma Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii ibse. Sagantaa misoomaa dhaabbata mootummoota gamtoomaniitti gargaaraa bulchituunii fi daarektarri Ardii Afriikaa Ahunaa Iziiyakoonwaa-Onoochii ENA’f akka ibsanitti, Itiyoophiyaan gama teeknooloojii fi misooma diinagdeetiin bu’aa jajjabeessaa galmeessisaa jirti. Dijiitaalayizeeshiniin Itiyoophiyaa misoomni Diinagdees Afriikaa fayyadamummaa teekinooloojiirraa gara omishtummaatti ceesisuun bu’uura kan kaa’u ta’uu ibsaniiru. Ce’umsi dijiitaalaayizeeshinii si’ataan Itiyoophiyaatti galmaa’aa jiru Biyyoonni Afriikaa hirkattummaa teekinooloojii jalaa bahuu akka danda’an barumsa kan kenne tarkaanfii murteessaa ta’uusaa dubbataniiru. Mootummaan Itiyoophiyaa kutannoo misooma dijiitaalaaf qabu Ardittiin hubannoo nam-tolcheenii fi damee Saayinsiin humna namaa gahoome horachuuf kaka’umsa kan uumu ta’uu kaasaniiru. Qorannoo fi qo’annoo misooma teekinooloojii Mandhaaleef xiyyeeffannoon kenname birmadummaa Dijiitaalaa mirkaneessuun guddina Diinagdee saffisiisuuf qooda murteessaa qabaachuu hubachiisaniiru. Keessumaa fedhii lammiilee tajaajila mootummaa fi bulchiinsa gaariirratti qaban deebii ariifachiisaa argamsiisuun malaammaltummaa fi hoj-maata badaa ittisuu keessatti gumaacha guddaa akka qabu hubachiisaniiru. Sagantaan misooma Dhaabbata mootummoota Gamtoomanii ce’emsa dinqisiisaa dijiitaalaa Itiyoophiyaa saffisiisuuf deeggarsa barbaachisaa taasisaa jiraachuu ibseera. Itiyoophiyaan dhaqqabamummaa tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob tajaajila si’ataa mootummaa kennuun omishtummaa guddisuuf faayidaa guddaa qabaachuu ibsaniiru. Tajaajilli Dijiitaalaa hoj-maata badaa dhabamsiisuun, sirni bulchiinsaa tajaajila mootummaa Amanamaa ta’e diriirsuudhaan, guddina dinagdeetiif gahee murteessaa akka bahatu dubbataniiru. Fooya’insi Diinagdee mandhalee Itiyoophiyaa deeggartoota misooma mootummaan kan dinqisiifatamee fi guddina biyyattii saffisiisuun qooda olaanaa gumaachuusaa ibsaniiru.  
Itiyoophiyaan Yunivarsiitii Hubannoo Namtolchee hundeessuuf qophiitti jirti - Ministira Muummee doktar Abiyyi Ahimad
Feb 14, 2026 144
Guraandhala 7/2018 (ENA)- Itiyoophiyaan ogummaa damee hubannoo namtolchee irratti qabdu daran guddisuuf Yunivarsiitii hubannoo namtolchee hundeessuuf qophii irra jiraachuu doktar Abiyyi Ahimad ibsan. Yaa’iin hoggantootaa Gamtaa Afrikaa 39ffaan mata duree “Dhiyeessii Bishaanii fi Sirna Qulqullina Itti Fufiinsa Qabu Mirkaneessuu; Galmoota Ajandaa 2063 Galmaan Gahuu” jedhuun gaggeeffamuu eegaleera. Ministirri Muummee doktar Abiyyi Ahimad sirna baniinsa kanarratti haasawaa taasisaniin, jijjiiramni teeknooloojii Itiyoophiyaa tarsiimoo Dijitaalaa Itiyoophiyaa 2030’n kan qajeelfamu ta’uu ibsaniiru. Bu’uuraaleen misoomaa dijiitaalaa lammiilee wiirtuu misoomaa taasisan ijaaramaa akka jiran hubachiisuun, keessattuu waraqaan eenyummaan dijitaalaa biyyoolessaa Faaydaa jedhamu sirna kaffaltii fi odeeffannoo waljijjiirraa waliin qindoomuun lammiileen tajaajila gahumsaa fi nageenyi isaa eegame akka argatan taasisaa jira jedhan. Itiyoophiyaan akka lakkoofsa warra faranjootaa bara 2020tti Afrikaa keessatti Inistiitiyuutii hubannoo namtolchee isa jalqabaa hundeessuu ishee yaadachiisaniiru. Itiyoophiyaan yeroo ammaa kana yaadama ida’amuu irratti kan hundaa’e yuunivarsiitii hubannoo namtolchee sadarkaa idil addunyaa eeggate banuuf qophiirra akka jirtus ibsaniiru. Yuunivarsiitichi namaa fi maashina kan walitti fidu ta’uu eeruun, haalawwan biyya keessaa qorannoo saayinsii idil-addunyaa waliin kan qindeessu, Afrikaan bara teeknooloojii keessatti gahee mataa ishee akka galmeessitu kan dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Ce’umsi teeknooloojii kun kenniinsa tajaajilaa ammayyeessuu irra darbee, guddina diinagdee saffisiisuun hirmaannaa Afrikaa dirree teekinooloojii addunyaa keessatti cimsuu akka ta’e Ministirri Muummee mirkaneessaniiru.
Ispoortii
Maanchistar Yunaayitid Westiham Yunaayitid waliin ni taphata 
Feb 10, 2026 304
Guraandhala 3/2018(ENA)- Sagantaa Piriimar Liigii Ingiliz torban 26ffaan har’a eegaluun taphoonni Afur ni gaggeeffamu. Istaadiyeemii Landanitti Westihaam Yunaayitid Maanchistar Yunaayitid waliin galgala sa’aatii 5 :15tti ni taphatu. Westihaam Yunaayitid qabxii 23n Sadarkaa18ffaa qabatee sadarkaa gad bu’aarratti argama. Maanchistar Yunaayitid qabxii 44n sadarkaa 4ffaa qabateera. Taphoota liigichaa shan darban keessaa sadii kan mo’ate Wastihaam Yunaayitid sadarkaa gahumsaa gaariirratti argama. Leenjisaa yeroo Maaykil Kariikin kan durfamu Maanchistar Yunaayitid taphoota itti fufaa Afur darban injifateera. Westihaam Yunaayitid sadarkaa gad bu’aa keessaa bahuuf morkii cimaa gaggeessuuf qabxiin sadii baay’ee murteessaadha. Shaampiyoonsi liigii Awurooppaarratti hirmaachuuf morkachaa kan jiru Yunaayitid liigichaan injifannoo itti fufaa shan galmeessuuf ni taphata. Maanchistar Yunaayitid yeroo dhumaaf liigichaan taphoota ittifufaa shan kan mo’ate A.L.A bara dorgommii 2023/24 dha. Taphichaan morkiin cimaan isa eeggata jedhamee ni eeggama. Taphicha Saayimen Hupper Abbaa Seerummaan gaggeessu. Sagantaa biroon Chelsiin Liids Yunaayitid waliin galgala sa’aatii 4:30tti Istaadiyeemii Istaamfoor Biriijiitti taphatu. Chelsiin qabxii 43n sadarkaa 5ffaa, Liidis Yunaayitid qabxii 29n sadarkaa 16ffaa qabataniiru. Gareewwan lamaan liigichaan injigfannoo itti fufaa galmeessisuuf wal morkatu. Tootenihaam Hootisparsi Niwuukaastil Yunaayitidi fi Everten Boornimaawuz waliin sa’aatii wal fakkaataa galgala sa’aatii 4 :30tti ni taphatu.
Ispoortessitoota bakka bu’an horachuuf xiyyeeffannoon kennameera – Ministira Shawwiit Shaankaa 
Feb 8, 2026 283
Guraandhala1/2018 (ENA)- Ispoortiin Ijaarsa Naamusaa fi Ispoortessitoota bakka bu’an horachuuf dandeettii qabu milkeessuuf xiyyeeffannoon kennamuu Mistirri Aadaa fi Ispoortii Shawwiit Shaankaa ibsan. Dorgommiin madaallii Ispoortii guddattoota biyyoolessaa mata duree “Guddina Ispoortessitootaa egeree, guddina Ispoortii keenyaaf” jedhuun Istaadiyeemii Yuunvarsiistii Saayinsii fi Teekinooloojii Adamaatti har’a eegalameera.   Mistirri Aadaa fi Ispoortii Shawwiit Shaankaa wayitasana akka jedhanitti, Ispoortiin ijaarsa Naamusaa fi dhaloota bakka bu’u horachuuf humna qabu mikeessuuf xiyyeeffannoon kennamuu ibsaniiru. Ispoortii Ijaarsa biyyaa fi qooda walitti hidhaminsa hawaasaa guddisuu dandeessisuuf qindoominaan hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru. Ispoortessitoota bakka bu’an horachuuf sirni fo’annoo fi leenjii diriiruun cinaatti dhaqqabamummaa bu’uuraalee misoomaa Ispoortiif xiyyeeffannoon kennamuu kaasaniiru.   Waggoottan saddettan darban Iddoowwan Ispoortiin itti shaakalamu kuma 17 fi 636 ta’an biyyattiitti ijaaramanii tajaajila dandeettii gahumsa qaamaa fi sammuu guddattootaa gabbisuuf akka oolan taassifamuu ibsaniiru. Dorgommiin har’a Adaamaatti eegalame Ispoortisitoota bakka bu’an horachuuf qooda murteessaa qabaachuu eeraniiru. Hoggantuun Biroo dargaagoo fi Ispoortii Oromiyaa Roozaa Biyyaa akka dubbatanitti, Naannichi damee misoooma Ispoortiif xiyyeeffannoo kennuun leenjii kennaa jira.   Misooma ispoortii milkeessuuf Magaalotaa naannichaa fi Aanaawwanitti bakka shaalaka ispoortii misooma koriideraa waliin wal qabsiisuun hojjetamaa jiraachuu eeraniiru. Har’a gosawwan Ispoortii 15n guddatoota kuma 3 ol naannoolee hundarraa dhufan dorgommicharratti hirmaachaa jiru jedhaniiru.   Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Adaamaa obbo Haayiluu Jaldee gamasaaniin magaalittii jirattotaaf mijattuu taassisuuf bu’uuraalee misoomaa Ispoortii fi kanneen biroon ijaaramaa jiru jedhaniiru. Guddattoonni kun sammuu fi qaamaan akka gahooman bakkeewwan bashannanaa fi Ispoortii bal’inaan ijaaramaa jiraachuu hubachiisaniiru.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Badhaadhina fi tasgabbii Afrikaaf damee bishaanii irratti invastimantii gochuun barbaachisaa dha
Feb 15, 2026 148
Guraandhala 8/2018 (ENA)- Badhaadhinaa fi tasgabbii Afrikaatiif invastimantiin cimaa damee bishaanii irratti taasifamuun barbaachisaa ta’uu Gamtaa Afrikaatti Komishinarri Qonnaa, Misooma Baadiyyaa, Diinagdee Biluu fi Naannoo Itti Fufiinsa qabu Moosees Viilaakaatii ibsani. Yaa’iin hoggantootaa Gamtaa Afrikaa 39ffaan magaalaa guddoo Afrikaa Finfinneetti mata duree “Dhiyeessii Bishaanii fi Qulqullina Itti Fufiinsa Qabu Mirkaneessuu;Galmoota Ajandaa 2063 Galmaan Gahuu” jedhuun gaggeeffamaa jira. Komishinar Moosees Vilaakaatii saganticha irratti akka ibsanitti, Bishaanii fi qulqullina naannoo guddinaa fi jijjiirama diinagdee Afrikaaf bu’uuraa dha jedhani. Afriikaan damee kanarratti waggaa waggaan hanqinni maallaqaa doolaara biliyoonaan lakkaa’amu kan ishee mudatuu ibsuun, kunis Galmoota Misooma Itti Fufiinsa Qabu galmaan ga’uufi jijjiirama qilleensaa ittisuuf gufuu ta’uu eeraniiru. Mata dureen Yaa’ii hoggantootaa Gamtaa Afrikaa 39ffaa “Dhiyeessii Bishaanii fi Qulqullina Itti Fufiinsa Qabu Mirkaneessuu;Galmoota Ajandaa 2063 Galmaan Gahuu” jedhu kanaafidha jedhan. Walgahii kana irratti pirojektoota invastimantiif qophaa’an kan dhiyaatan ta’uu eeruun, kana keessaas waggaatti invastimantii doolaara biliyoonaan lakkaa’amuu kan danda’u wadaan argamuu himaniiru. Qajeelfamni biyyoonni sagantaa bishaanii haala qilleensaa dandamatu akka qopheessanii fi adeemsa invastimantii hordofuuf kan gargaaru galmeen irratti barreessa ifa taasifamuu himaniiru. Badhaadhinaa fi tasgabbii Afrikaaf damee bishaanii irratti kutannoodhaan invastimantii gochuun barbaachisaa akka ta’e dubbataniiru.
Hojiin misooma bishaan kuufamaa naannichaa horsiisee bultoonni horsiisa beeyladaa cinatti qonna irratti akka bobba’an ni gargaara
Feb 15, 2026 124
Guraandhala 8/2018 (ENA) - Hojiin misooma bishaanii naannoo Affaaritti hojjetamaa jiru horsiisa beeyladaa cinatti horsiisee bultoonni qonnaa irratti akka bobba’an kan gargaaru ta’uu bulchaan mootummaa naannichaa obbo Awwal Arbaa ibsaniiru.   Naannichatti Sagantaan Jalqabsiisa Misooma Bishaanii bara 2018 zoonii Awusii Reesuu Aanaa Ade’aariitti mata duree “Misooma Bishaanii Hawaasa qindaa’e hammate Milkaa’ina wabii nyaataaf” jedhuun eegalameera. obbo Awwal Arbaan saganticha yeroo eegalchiisan hojiiwwan misooma bishaan kuufamaa cimsuun horsiisee bultoonni jireenya isaanii barame cinatti qonna irratti akka bobba’an taasisuu keessatti gahee olaanaa qaba jedhaniiru.   Misoomni bishaan kuufamaa qabeenya uumamaa sababoota adda addaatiin dhumaa adeemaa jiru deebisuuf, hawaasni wabii nyaataa mirkaneessuu fi hiyyummaa akka mo’atu kan taasisu ta’uu ibsaniiru. Naannoowwan manca’an caalaatti oomishaa taasisuudhaan horsiisee bultoonni horsiisa beeyladaa cinatti hojii qonnaa isaanii dabaluu, beeylada isaaniif nyaata dhiyeessuu fi nyaata ofii isaanii akka danda’an himaniiru.   Sadarkaa naannootti piroojektiin misooma bishaan qindaa’ee kan bara kanaa Zoonii Awusii Reesuu, Aanaa Ade'aar, Waraansoo fi ganda Hormaatiitti eegalame lafa heektaara kuma 52 ol irratti kan raawwatamu ta'uun ibsameera. Sagantaa jalqabsiisa misooma bishaanii irratti bulchaa mootummaa naannchaa dabalatee, hoggantoonni naannoo, zoonii fi godinaalee, akkasumas jiraattonni aanaa Ade'aar argamaniiru.
Itiyoophiyaan imala misooma hunda hammate kan jalqabde galmaan ga’uuf, raaga haala qilleensaa fayyadamuu sirnaan hojiirra oolchuun barbaachisaa dha
Feb 9, 2026 221
Guraandhala 2/2018 (ENA)-Itiyoophiyaan imala misooma hunda hammate kan jalqabde galmaan ga’uuf, raaga haala qilleensaa fayyadamuu sirnaan hojiirra oolchuun barbaachisaa akka ta’e Ministeerri Bishaanii fi Inarjii hubachiise. Inistiitiyuutiin Mitiriwooloojii Itiyoophiyaa waltajjii raaga haala qilleensaa Bonaa gamaaggamuu fi raaga haala qilleensaa baatii Arfaasaa ifoomsuu Adaamaatti gaggeessaa jira.   Waltajjicharratti gorsaa Ministira Bishaanii fi Inarjii Mootummaa Maqaasaa haasawa taasisaniin, inistiitiyuutichi amanamummaa fi gahumsa raaga Mitiriwooloojii guddisuun misooma hunda hammate galmaan ga’uuf tattaaffii taasifamaa jiru keessatti gahee isaa bahaa jira jedhan. Odeeffannoon Mitiriwooloojii damee qonnaa, bishaanii fi anniisaa, geejjibaa, eegumsa naannoo fi bulchiinsa balaa, inshuraansii fi industiriitiif karaa saayinsaawaa ta’een xiinxalamee dhiyaachuu isaa ibsaniiru. Odeeffannoon tilmaamaa fi akeekkachiisa dursaa kun murtee kennitootaa fi hawaasa fayyadamtootaaf gargaarsa guddaa taasiseera jedhan.   Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutii Mitiriwooloojii Itiyoophiyaa Faxxanaa Tashoomaa gama isaaniin, inistiitiyuutichi odeeffannoo haala qilleensaa fi haala qilleensaa waliin walqabatu yeroo yeroon fayyadamtootaaf kennaa jiraachuu ibsaniiru. Raagaan haala qilleensaa Bonaa, Arfaasaa fi Gannaa haala qilleensaa tajaajilli akeekkachiisa dursaa sochii hawaasummaa fi diinagdeef kennamu bu’aa akka argamsiise hubachiisaniiru. Tilmaamni raaga haala qilleensaa Bonaa yeroo fi bakka taateewwan waliin kan walsimu akka tures daarekatarri olaanaa kuni ibsaniiru. Waltajjiin kun dhiibbaa gaarii fi hamaa roobni Arfaasaa biyya keenyaarratti geessisuu danda’u dandamachuuf hubannoo uumuuf kan kaayyeffate ta’uu ibsaniiru. Ummanni odeeffannoo tilmaamaa fi akeekkachiisa dursaa inistiitiyuutichi kennu hordofuu fi itti fayyadamuu akka qabus dhaamaniiru.
Bakkeewwan biyyattii Arfaasaa misooman rooba Idilee fi Idileen olii ni qabaatu
Feb 9, 2026 191
Guraandhala 2/2018(ENA)-Bakkeewwan biyyattii hedduun Arfaasaa misooman rooba idilee fi idileen ol akka argatan Inistitiyuutiin Meetiriwooloojii Itiyoophiyaa beeksise. Inistitiyuutichi waltajjii gamaggama raaga haala Qilleensaa yeroo bonaa fi raaga haala yeroo Arfaasaa hoggantoonni hojii mootummaa olaanoo fi qaamoleen qooda fudhattoonni damichaa bakka argamanittii Adaamaattii gaggeessaa jira.   Inistitiyuutichi waltajjicharratti akka ifoomsetti raaga haala qilleensaa yeroo Arfaasaa bakkeewwan biyyattii bokkaan Arfaasaa idilee isaaniif ta’etti roobni idilee fi idileen olii jiraachuu akka danda’u eereera. Bu’uuruma Kanaan Godinaaleen Booranaa fi Gujii, Sidaamaa fi kibba Itiyoophiyaa bokkaa Idileen olii argatu. Akkasumas Naannoo Somaalee gara kibaa fi lixaa fi kibba lixaa kutaan biyyattii rooba idilee fi idileen olii akka argatan Inistitiyuutichi beeksiseera. Dabalataanis yeroo ammaa haalawwan qilleensaa jiranirraa ka’uun Kaaba dhihaa, gidduugaleessaa fi naannoowwwan bahaa biyyattiittis bokkaan idilee fi idileen olii ni jiraata jedhaniiru. Gama biroon hangi ho’i guyyaa naannoowwan Kaaba Bahaaatti, Lixaattii fi kibba lixaatti idileen ol akka ta’u , raagni haala qilleensaa mul’isa jedhaniiru. Haallli jalqabbii bookkaa Arfaasaa naannoowwan walakkaa kibbaatti dursee kan eegalu yoo ta’u, haalli bahinsa caamaa guyyoota muraasa turee baha jechuun beeksiseera. Hanga rooba kanaa sirnaan fayyadamuu fi hojii qonnaa waktichatti hojjetamuu fi hojiiwwan hawaasummaa fi diinagdee wayitasana hojjetaman ogeyyii waliin marii’achuun hojjechuun barbaachisaa dha jedhaniiru. Hangi bokkaa Arfaasaa bara kanaa hojii qonnaaf mijataa ta’uu ibsaniiru.
Baay’inaan Kan Dubbifaman
Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu kennaniifi ragaa kennaan itti fayyadamuu danda'an ifa godhe.
Mar 3, 2023 16848
Guraandhala 24/2015(TOI) - Komishiniin Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa guyyaa har'aa 'Appilikeeshinii' namoonni eeruu ittiin kennaniifi ragaa ittiin eeraan fayyadamuu danda'an 'Public Feedback System' jedhamu ifa godhe. Komishinichi Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo waliin ta’uun Appilikeeshinii kana akka hojjete eerameera. Appichi afaanota biyya keessaa shaniin tajaajila kan kennu ta'uun himaeera. Komishinarri Komishinii Naamusaa fi Farra Malaammaltummaa Federaalaa Dooktar Saamu’eel Urqatoo akka jedhanitti, komishinichi hojiiwwan jijjiramaa hojjechaa jiru milkeesuuf teeknooloojiiwwan fayyadamaa jiraachuu ibsaniiru. Appilikeeshinichi hojii kan ariifachiisuufi haleellaa fi sodaachisaa ragaa eertootaa fi odeeffannoo kennitootarra gahu kan ittisu ta'uu himaniiru. Kana hordofuun hawaasni karaa appilikeshinii 'Public Feedback System'' yaada kennuudhaan itti gaafatamummaa biyyaalessaa isaa ba'uu qabu gaafataniiru. Daarektarri Olaanaa Bulchiinsa Nageenya Odeeffannoo Obbo Solomoon Sookaa akka jedhanitti, appilikeeshinii kana haleellaa saayibarii eegumsii cimaan kan taasifamuuf ta'uu himaniiru. Waajjira Ministira Muummeetti deetaan dhimmoota Kaabinee obbo Tasfaayee Dhaabaa akka jedhanitti, malaammaltummaa ittisuuf dhaabbanni tokko qofaan hojjetee milkaa'uu hin danda'u. Kanaaf lammileen hunduu miira itti gaafatamummaa qabuun malaan maltummaa ittisuuf hirmaachuu qabu jedhaniiru.
Gabaasa addaa
Poolisiin Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina Magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoome gurmeessuun hojiisaa cimsee itti fufeera
Nov 22, 2025 2144
Sadaasa 13/2018(TOI )-Poolisii Magaalaa Finfinnee Tajaajilasaa guddina magaala waliin wal-simsiisee guddisuuf Teekinooloojii Ammayyaa fi humna namaa gahoomeen hojii gurmeessuusaa cimsee itti fufuu Kantiibaan Bulchiinsa Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee ibsan.   Qajeelchi Kolleejjii Poolisii Magaala Finfinnee yeroo jalqabaatiif humnasaan kaadimamtoota qodaaltota leenjise eebbisiiseera. Sirna eebbaa kanarratti Kantibaan Magaala Finfinnee Adaanechi Abeebee, Itti Aanaan Komishinar jeneraaliin Poolisii federaalaa Malaakuu Fantaa, Ajaajaa qajeelcha poolisii waliigalaa magaalaa Finfinnee Komishinar Geetuu Argaaw fi keessummoonni waamichi tassifameefii argamaniiru.   Kantibaa Adaanech Abeebee wayita kana akka dubbatanitti, xiyyeeffannoo guddan Bulchinsichaa Dinagdee jiraattota magaalichaa ijaaruu fi jireenya hawaasummaa fooyyessuun misooma fulla’aa fi bulchiinsa gaarii, badhaadhina hunda galeessa mirkaneessuudha. Magaalittii jireenyaa fi hojiif kan mijatte akka taatuu fi dorgomaa idil-addunyaa fi filatamtuu, magaala konfiraansii taassisuuf bu’aa qabeessummaan hojiiwwan misoomaa eeggalamanii cimanii itti fufuu beeksisaniiru. Hojiiwwan misooma kunneen fulla’aa gochuuf nagaa fi tasgabbin mirkanaa’uun murteessaa fi dhimma ijoo ta’uu hubachiisaniiru. Gama Kanaan Qajeelchi Poolisii Magaala Finfinnee Nageenyaa fi tasgabbii magaalittii mirkaneessuuf hojiiwwan jijiiramaa hojjechaa jiru kan jajjabeeffamu ta’uu dubbataniiru.   Qajeelchichi guddina magaalichatti argamaa jiru u’uureffachuun tajaajilasaa guddisuuf teekinooloojii ammayyaa fi humna namaa gahoomeen of gurmeessuun hojiisaa hojjechuu dubbataniiru. Kunis ergama poolisiif kenname sirnaan raawwachuuf kan isa dandeessisu ta’uu ibsaniiru. Gama Kanaan Qajeelchichi humna namaa gahoome horachuu dabalatee teekinoolojin of gurmeessuuf hojjechaa turuu mirkaneessaniiru. Qondaaltonni eebbifamtoonni nagaa fi tasgabbii magaalittii eegsisuuratti itti gaafatamummaa guddaa qabaachuusaanii kaasuun seeraa fi sirna magaala kabachiisuun kutannoon akka hojjetan hubachiisaniiru.  
Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015