ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Afriikaan Xaanaa foramiirratti tarsiimoowwanii fi yaadota furmaata beekumsarratti hundaa’e maddisiisuuf humnashee gabbifachaa jirti
Oct 19, 2026 83
Onkoloolessa 9/2019 (ENA)- Afriikaan Foramii Xaanaarratti tarsiimoowwanii fi rakkoolee Afriikaaf yaadota furmaata hammataa maddisiisuuf humnashee gabbifachaa jiraachuu ambaasaaddaroonni ibsan. Foramiin Xaanaa 12ffaan mata duree “daandiiwwan Afriikaa gara nagaatti geessan, birmadummaa dinagdee fi cehumsa siyaanaa naannoo” jedhuun Jimaata dhufu magaalaa Bahaar Daaritti ni eegala. Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Gaanaa Makariiyoos Akanbiinab Akanboo akka jedhanitti, Foramiin Xaanaa rakkoolee nageenyaa, tasgabbii fi dinagdee Afriikaa furmaata Afriikaatiin furuuf yaada kan maddisiisu waltajjii murteessaadha. Addunyaarratti foramiin Muniik, foramiin nageenya Paariis fi foramiin nageenyaa fi tasgabbii biroonjiraatanis Afriikaan waltajjii idilee hin taanee kan akka foramii Xaanaa uumuuf karaa fagoo deemteetti jedhaniiru. Foramiin Xaanaa rakkooleen walitti bu’iinsaa, tasgabbii dhabuu, yaaddoo nageenyaa fi kufaatii dinagdee Afriikaa keessatti mul’atuuf yaadota Afriikaadhaan deebii furmaataa kennan maddisiisuuf akka gargaaru ibsaniiru. Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Burundii Wiilii Niiyamtiwee, Foramiin Xaanaa tattaaffii gamtaan Afriikaa bara 2030 Afriikaa sagaleen rasaasaa keessatti hin dhagahamne dhugoomsuuf eegale akka deeggaru ibsaniiru. Foramiin Xaanaa hoggantoonni biyyaa, imaammata baaftonni, dhaabbileen qorannoo imaammataa, hoggantoonni duraanii kan irratti hirmaatan waltajjii guddaa ta’uu ibsanii, waltaanee nageenyaaf waardiyyaa dhaabachuu qabna jedhaniiru. Itiyoophiyaatti itti aanaan itti gaafatamaa ergama embaasii Keeniyaa Peetrooniillaa Weer gamasaaniin, Keeniyaan Foramii Xaanaarratti dammaqinaan akka hirmaattu ta’uu ibsaniiru. Keeniyaan walitti bu’iinsa yeroo garagaraatti ishee mudate ofiisheen furuuf muuxannoo akka qabdu ibsanii, gama Kanaan foramiin Xaanaa waltajjii murteessasdha jedhaniiru. Foramiin Xaanaa Afriikaanonni beekumsaa fi odeeffannoorratti hundaa’anii imaammattoota baasuuf humna akka ta’uuf ibsaniiru.
Bara kana Godinichatti baala Shaayii miiliyoonaa 200 ol dhabauuf hojjetama jira
Oct 19, 2026 102
Onkoloolessa 9/2019(ENA) - Bara kana godina kibba lixa Oromiyaa aanaalee 15 keessatti baala Shaayee miiliyoona 200 ol dhaabuuf hojjetamaa jiraa jedhan sadarkaa itti aanaa Pirezidaantiitti bulchaan Godinichaa Dr. Rashaad Kamaal ibsan. Hooggantoonni olaanoon Godina Kibba Lixa Oromiyaa Aanaa Gachiitti misooma baala Shaayee daawwataniiru. Sadarkaa itti aanaa Pirezidaantiitti bulchaan Godinichaa Dr. Rashaad Kamaal wayita kana akka jedhanitti, dinagdeen hawaasa godinichaa akka guddatu Xiyyeeffatamee ni hojjetama. Bara kana godinatti aanaalee 15 keessatti baala Shaayee miiliyoona 200 ol dhaabuuf hojjetamaa jiraachuu ibsanii, biqiltuu kana dhaabuuf kan oolu lafti hektaara kuma 2 ol qophaa’uun dubbataniiru. Oomisha kanarraa argamu sona itti dabaluun gabaa alaaf erguuf akka gargaaru warshaan kan dhaabatu ta'uus dubbataniiru. Godinichatti qonnaan bultoonni Aanaa Gachiis misoomni baala Shaayee kanaan dura fagootti beekan gara qe'ee isaaniitti dhufuun akka isaan gammachiise himuun, misooma kana oyiruu isaanii irratti kan babalisan ta'uus dubbataniiru.
Qondaaltonni waraanaa biyyoota garaa garaa hojii raayyaan ittisa biyyaa birmadummaa biyyaa kabachiisuuf raawwate dinqisiifatan
Oct 19, 2026 137
Onkoloolessa 9/2019 (ENA) Qondaaltonni waraanaa biyyoota garaa garaa hojii raayyaan ittisa biyyaa birmadummaa biyyaa kabachiisuuf raawwate dinqisiifataniiru. Erga waliigalteen waraana dhaabuu piriitooriyaa mallataa’ee Naannoo Tigiraayitti nageenyi mirkanaa’ee ture. haata’u malee gareen seeraan Alaa TPLF walii galtee piriitoriyaa diiguun irra deebiin waraanatti seenee jira. garichi odeeffannoo dogoggoraa kennuun fudhatama argachuuf tattaafachaa turus Raayyaan ittisa biyyaa haqa jiru qondaaltota waraana biyyoota adda addaa irraa dhufan hubachiiseera. Qondaaltonni waraanaa biyyoota adda addaa irraa dhufan hojii raayyaan ittisa biyyaa birmadummaa biyya kabachiisuuf taasise dinqisiifataniiru. Baangilaadish irraa kan dhufe Birgaader Jeneraal Jii’eem Shaariifuul Itoophiyaan birmadummaashee eeggachuuf mirga seera qabeessa guutuu qabaachuu ibsaniiru. xiyyeeffannoon saanii miidhaa biyyarratti aggamame qolachuu ta’uu dubbataniiru. Akkasumas qondaalli waraanaa UK irraa dhufan raayyaan ittisa biyyaa birmadumma biyyaa kabachiisuuf waan raawwateen odeeffannoon ifa hin taane akka ture ibsuun, Ibsa raayyan ittisa biyyaa Itoophiyaa isaaniif kenne akka qondaala loltuu tokkootti ragaa guutuu fi sirrii argachuusaanii ibsaniiru. Odeeffannoon asii arganne kan miidiyaa fi maddoota biroo irraa argannu caalaa ilaacha fooya’aa akka qabaannu nu taasiseera jedhaniiru. Dabalataanis qondaalli waraanaa Awustiraaliyaa irraa dhufte Koloneel Kaareen bakka bu’oonni qondaaltonni waraanaa biyyoota adda addaa irraa dhufanii Itoophiyaatti argamuun faayidaa qabaachuu ibsaniiru. Raayyaan ittisa biyyaa Itoophiyaa birmadummaa biyyaa kabachiisuuf taasisan dinqisiifataniiru. Qondaaltonni waraanaa biyyoota adda adddaa irraa dhufanis meeshaa waraanaa garee seeraan alaa TPLF irraa booji’ame daawwataniiru.
Fooramiin Xaanaa nageenyaa fi guddina dinagdee Afrikaaf gahee olaanaa qaba – Ambaasaaddar Zarihuun Abbabaa
Oct 19, 2026 94
Fooramiin Xaanaa dhimmoota nageenyaa fi guddina dinagdee Afrikaa irratti marii bilisaa gaggeessuun, kutannoo Itoophiyaan tumsa ardichaaf qabdu kan itti agarsiistu ta’uu Ministeera Dhimma Alaa Itoophiyaatti Daarektar jeneraaliin Dhimmoota Afrikaa Ambaasaaddar Zarihuun Abbabaa ibsan. Itoophiyaan Fooramii Xaanaa, guddina dinagdee Afrikaa irratti xiyyeeffatu, waggoota 15'f milkaa'inaan keessummeessaa turteetti. Fooramiin Xaanaa 12ffaan mata duree "Daandiiwwan Afrikaa Gara Nageenyaatti Geessan, Birmadummaa Dinagdee fi Ce'umsa Siyaasaa Naannawaa" jedhuun Jimaata dhufu magaalaa Bahaar Daaritti gaggeeffamuu ni jalqaba. Ambaasaaddar Zarihuun Abbabaa ENA'f akka ibsanitti, Fooramiin Xaanaa waltajjii hoggantoonni, dippilomaatonni, dhaabbileen hawaasa siivilii fi hayyoonni beekumsa irratti hundaa'uun bilisaan kan irratti mari'atanidha. Fooramichi hoggantoonni Afrikaa waltajjiiwwan siyaasaa baratamoo irraa karaa adda ta'een dhimmoota ardichaa irratti akka mari'achuu danda’an carraa uumuu isaa ibsaniiru. Keessumaa nageenyaa, tasgabbii fi guddina dinagdee Afrikaa irratti yaada bilisaan waljijjiiruu keessatti gahee olaanaa qabaachuu himaniiru. Kana malees, rakkoolee Afrikaa adda baasuu, furmaata irratti mari'achuu fi ajandaalee ardichaa sadarkaa idil-addunyaatti beeksisuu keessatti shoora guddaa bahachuu eeraniiru. Itoophiyaan jalqabaa kaasee Fooramii Xaanaa keessummeessuun itti fufuu isheetiin, kutannoo hoggansaafi tumsa Afrikaaf qabdu agarsiisaa jiraachuu Ambaasaaddar Zarihuun Abbabaa ibsaniiru.
Yunivarsiitiin Haroo Mayaa oomishtummaa qonnaa guddisuuf sanyii baay’isaa jira
Oct 19, 2026 97
Onkoloolessa 9/2019 (ENA)-Yunivarsiitiin Haroo Mayaa sanyii filatamaa qonnaan bulaa biraan gahuu gahuu fi oomishtummaa qonnaa guddisuuf sanyii baay’isaa jiraachuu ibse. Yunivarsiitichatti qindeessituun garee qorannoo fi faasiliitii midhaanii fi beelladaa Burtukaan Yimaam ENA’f akka ibsanitti, sanyuun kun mooraa muummee, Baabbilee, Kurfaa callee, Fadiis, Giraawwaa Hirnaa, Dirree Dawaa dabalatee bakkee birootti kan argaman buufataalee qorannoo 14 keessatti gaggeeffama. Sanyiin baay’ifamanis Boloqqee, Qamadii, Atara, Loozii, Baaqilaa, Mosee fi akaakuuwwan midhaanii biroo ta’uu fi sanyiiwwan filatamaa baay’ifaman hongee fi dhukkuba damdamachuun oomisha gaarii akka kennan ibsameera. Misooma Intarpiraayizii Yunivarsiitichatti qindeessaan mekaanaayizeeshinii qonnaa obbo Taaddasaa Addunyaa gamasaaniin, yunivarsiitichi hanqina sanyii filatamaa furuuf akaakuuwwan midhaan qorannoon fooyya’an baay’isaa akka jiru ibsaniiru. Bar-dheengaddaa sanyiiwwa Mosee ‘Buubbuu’ fi ‘Guddannee’ jedhaman baay’isuu sanyii kuntaala kuma 2 gatii madaalawaan qonnaan bultoota naannawaa fi kanneen biroof gatii madaalawaan raabseera. Kana malees Yunivarsiitichi sanyii loonii foyyessuu fi oomishtummaa guddisuuf hojjechaa jira. Yunivarsiitii Haroo Mayaatti barsiisaan kutaa barnootaa saayinsii beelladaa fi qindeessaan faarmii beelladaa Guutaa Kumsaa gamasaaniin, Yunivarsiitichi misooma qabeenya beelladaa ammayyeessuu fi oomishtummaa guddisuuf xiyyeeffatee hojjechaa jira jedhaniiru. Wiirtuu horsiisa beelladaa keessatti sanyiiwwan beelladaa guyyaatti aannan liitira 30 ta’u elmaman fooyyessuuf hojjetamaa kan jiru yoo ta’u beelladoota karaa nam tolcheen diqaalfaman hawaasa naannawaa fi dhaabbilee biroof ni dhiheeffama. Sanyii baay’isuurratti kan hirmaatan Jamiilaa Umar akka ibsanitti, bara kana hanqinni roobaa jiraatus jallisiitti gargaaramuun sanyiin baay’ifameera. Omishni walitti qabamus hanqina sanyii roobaan mudachuu danda’u furuuf akka gargaaru ibsaniiru.
Siyaasa

Gurmaa’insi haaraan guddina magaalotaa fi tajaajila si’ataa kennuuf carraa guddaadha
Oct 18, 2026 637
Onkoloolessa 8/2019 (ENA) Caasaa haaraan Naannoo Oromiyaa tajaajila ariitiin argachuu fi guddina magaalotaatiif carraa guddaa kan uumuu ta’u jiraattonni Godina Kibba Lixa Oromiyaa Aanaa Limmuu Kossaa dubbataniiru. Mootummaan Naannoo Oromiyaa rakkoolee bulchiinsa gaarii furuuf,rakkoo birokiraasii hir’isuu fi tajaajila si’ataa uummataaf akka kennamuuf fooyya’insa caasaa haaraa hojiirra oolchaa jira. Caasaa haaraa kanaaf bakka bu'insi aangoo fi tajaajilaa kanaan dura ture gara godina, aanaa fi gandaatti gadi kan bu'e yoo ta'u, dabalataanis godinoonni naannichaa haala qabatamaa fi dinagdee naannoo isaaniirratti hundaa'uun godinaalee gurguddoo irratti akka qindaa’an taasifameera. Haaluma Kanaan Godina Kibba Lixa Oromiyaatti Aanaan Limmuu Kossaa caasaa haaraa kana irratti hundaa'uun bakka teessuma dhaabbilee nageenyaa fi kanneen biroo godinichaa ta'uun filatamuun isaa ni yaadatama. Sadarkaa Itti aanaa Pirezidaantii naannoo oromiyaatti Bulchaa Godinichaa Doktar Rashaad Kamaal dabalatee hoggantoonni hojii mootummaa godinaa fi aanaa Aanaa Liimmuu Kossaatti argamuun sochiiwwan misoomaa adda addaa daawwataniiru. wayita sana jiraattonni aanichaa yaada isaanii ENA’f kennan akka ibsanitti, caasaa haaraan guddina magaalaatiif fi tajaajila saffisaa ta'e kennuuf carraa guddaa qabatee dhufuusaa dubbataniiru. Caasaa haaraa kanaan adeemsi murtoo uummataatti dhihaachuu isaatiin birokiraasii kan hambise, murteewwan guddina bu'uura misoomaa fi magaalaa kan saffisuusu akka ta’u dubbatanioiru. Jiraattota aanicha keessaa Obbo Iskindir Yohaannis akka dubbatanitti, caasaan kun guddina magaalaatiif gahee guddaa qaba. Keessattuu Magaalaa Liimmuu waggoota dheeraaf xiyyeeffannoo dhabdeef carraa guddaa ta'uu dubbataniiru. Magaalittiin bakka teessuma dhaabbilee nageenyaa fi haqaa godinichaa adda addaa ta'uun filatamuun ishee gammachuu fi kaka'umsa guddaa uumuu isaa ibsaniiru. Haaluma walfakkaatuu Obbo Guutamaa Kadirii fi Obbo Tasfaayee Geetaachoo caasaan haaraa naannichaa tajaajila saffisiisuuf mijataa ta'uu dabalatee yeroo fi maallaqa uummataa kan qusatu ta'uu dubbataniiru. Kana malees, hojiilee bu'uuralee misoomaaf carraa guddaa ta’uu ibsaniiru. Sadarkaa Itti Aanaa Pirezidaantii naannoo oromiyaatti Bulchaa Godinichaa Doktar Rashaad Kamaal jijjiirramni caasaa bulchiinsa Naannoo Oromiyaa tajaajiloota mootummaa gara uummataatti dhiheessuuf, dandeettii bulchiinsaa guddisuufi hojiilee misoomaa ariifachiisuuf gurmaa’insa murteessaa ta’uu dubbataniiru. Keessattuu sekteroonni mootummaa gurguddoon bakka tokko ta’uurra magaalota adda addaatti argamuun yeroo fi baasii kan qusate ta’uu ibsaniiru. Akkasumas Itti gaafatamaan Waajjira Paartii Badhaadhinaa damee Godinichaa Obbo Diidhaa Guddataa,gurmaa’insi kun lammii dinagdeen cimee fi of danda'e horachuuf faayidaa guddaa qabaachuu dubbataniiru. Caasaan kun hanqina bu'uura misoomaa naannicha keessa jiru furuuf, guddina magaalotaa cimsuu fi rakkoolee bulchiinsa gaarii furuuf gahee guddaa qabaachuu Obbo Diidhaan ibsaniiru. Itti gaafatamaan Waajjira nagaa Godinichaa Obbo Juneeddii Imaam gama isaaniin caasaan kun nagaa fi tokkummaa uummataa itti fufsiisuuf gahee guddaa akka qabaatu eeruun; hojiirra oolmaa isaatiif xiyyeeffannoon ni hojjanna jedhaniiru. Hoggantoonni jijjiirramni caasaa kun kaayyoo yaadameef akka galmaan ga'uuf hirmaannaa uummataa cimsuun, dandeettii bulchiinsaa guddisuun fi hojiilee misoomaa xiyyeeffannoon raawwachuun jijjiirrama kana galmaan gahuuf akka hojjetan ibsaniiru.
Hiriirri ummataa raayyaa ittisa biyyaa deeggaru naannoo Amaaraa magaalaa Dabra Taaboritti gaggeeffamaa jira
Oct 17, 2026 729
Onkoloolessa 7/2019 (ENA) - Naannoo Amaaraatti jiraattonni bulchiinsa Gondar Kibbaa fi magaalaa Dabra Taabo hiriira ummataa raayyaa ittisa biyyaa deeggaru gaggeessaa jiru. Jiraattonni magaalichaa fi naannawichaa har’a ganamaan gara addababayiitti bahan ergaawwan raayyaan ittisaa keenya mallattoo biyyaalessaa keenya, baandaan garaasaaf, raayyaan ittisaa keenya kabajaa fi tokkummaa ummata keenyaaf, raayyaan ittisaa keenya asxaa fakkeenya sab-daneessummaa keenyaati jedhanii fi kanneen biroos dabarsaa jiru. Akkasumas ergaawwan raayyaan ittisaa keenya, humnoonni nageenyaa federaalaa fi humnoonni naageenyaa naannoo keenyaa gatii kaffalaniif kabaja ni laanna, diinota Itiyoophiyaa barbadeessaa alaabaa keenya ol ni kaafna, nageenyi akka bu’u tarkaanfii mootummaan fudhatu ni deeggarra jedhanii fi kanneen biroo dhageessisaa jiru.
Naannoo Amaaraa magaalaawwan garagaraa keessatti hiriirri ummataa raayyaa ittisa biyyaa deeggaru gaggeeffamaa jira
Oct 17, 2026 423
Onkoloolessa 7/2019 (ENA)- Naannoo Amaaraa magaalaawwan garagaraa keessatti hiriirri ummataa raayyaa ittisa biyyaa deeggaru gaggeeffamaa jira. Hiriirri deeggarsaa kun Gondar, Gandaa Wuwhaa, Saqoxaa,Dabra Taaboor, Waldiyaa fi magaalaawwan biro keessatti gaggeeffamaa jira. Hiriirri kan gaggeeffamaa jiru raayyaan ittisa biyyaa tokkummaa fi birmadummaa biyyaa cimsuuf aarsaa kaffalaa jiru deeggaruuf akka ta’e beekameera. Jaarsoliin biyyaa, abbootiin amantaa, dargaggoonnii fi kutaalen hawaasaa biroon dhaadannoowwan garagaraa dhageessisaa hirmaacha jiru.
Hiriirri ummataa raayyaa ittisa biyyaa deeggaru magaalaa Gandaa Wuhaatti gaggeeffamaa jira
Oct 17, 2026 396
Onkoloolessa 7/2019 (ENA)- Hiriirri ummataa raayyaa ittisa biyyaa deeggaru naannoo Amaaraa godina Gondar lixaa magaalaa Gandaa Wuhaatti gaggeeffamaa jira Jiraattonni magaalichaa fi naannawichaa har’a ganamaan gara addababayiitti bahan ergaawwan raayyaan ittisaa keenya mallattoo biyyaalessaa keenya, baandaan garaasaaf, raayyaan ittisaa keenya kabajaa fi tokkummaa ummata keenyaaf, raayyaan ittisaa keenya asxaa fakkeenya sab-daneessummaa keenyaati jedhanii fi kanneen biroos dabarsaa jiru.
Hiriirri ummataa gooticha raayyaa ittisa biyyaa deeggaru magaalaa Saqoxaatti gaggeeffamaa jira
Oct 17, 2026 509
Onkoloolessa 7/2019 (ENA) - Hiriirri ummataa gooticha raayyaa ittisa biyyaa deeggaru naannoo Amaaraa bulchiinsa godina Waag Himira magaalaa Saqoxaatti gaggeeffamaa jira Jiraattonni magaalichaa fi naannawichaa har’a ganamaan gara addababayiitti bahan ergaawwan raayyaan ittisaa keenya mallattoo biyyaalessaa keenya, baandaan garaasaaf, raayyaan ittisaa keenya kabajaa fi tokkummaa ummata keenyaaf, raayyaan ittisaa keenya asxaa fakkeenya sab-daneessummaa keenyaati jedhanii fi kanneen biroos dabarsaa jiru. Hirmaattonni hiriirichaa birmadummaa fi tokkummaa biyyaaf kan hiriire raayyaa ittisa biyyaaf aantummaasaanii agarsiisaa jiru.

Hawaasummaa
Pooliaiin federaalaa Itiyoophiyaa yakka waliin dhahuu moobaayil baankiitiin namoota 658 irratti miidhaa birrii miiliyoona 200 ol ga’eef shakkamtoota 39 to’annaa jala oolchee qorachaa akka jiru beeksise
Oct 17, 2026 596
Onkoloolessa 7/2019(ENA) - Pooliaiin federaalaa Itiyoophiyaa qaamolee nageenyaa fi haqaa biroo waliin ta’uun oppireeshinii gaggeesseen yakka waliin dhahuu moobaayil baankiitiin namoota 658 irratti miidhaa birrii miiliyoona 200 ol ga’eef shakkamtoota 39 to’annaa jala oolchee qorannaa qulqulleessaa akka jiru beeksise. Shakkamtoonni hojjetaa baankii fakkaatanii badhaafni akka isaan qaqqabe, siistama moobaayil baankiingiimakka waan ammayyeessanii ykn akkaawuntii baankii waraqaa eenyummaa faayidaan akka walitti hidhan dubbachuun jecha iccitii, OTPና PIN gaafachuudhaan waliin dhahaa akka turan qorannoodhaan adda baafameera. Poolisiin konkolaattota sagal, doqdoqqee tokko, bilbila moobaayilii 114 fi siim kaardii 478 qabee to’achuunsaa ibseera. Namoonni gocha waliin dhahuu Kanaan miidhaan irra gahe EFPApp, toora bilbila bilisaa 991 ykn buufata poolisii dhaquudhaan eeruu akka kennan dhaameera. Kana malees namni kamiyyuu odeeffannoo baankii iccitii qama hin beekneef akka hin kenninee fi bilbila shakkisiisaa battalatti baankiif ykn poolisiitti akka beeksisu hubachiiseera.
Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob tajaajila si’ataa fi bu’aa bayii hin qabne bakka tokkotti akka argannu nu gargaareera-tajaajilamtoota
Oct 16, 2026 360
Onkoloolessa 6/2019 (ENA) - Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob tajaajila si’ataa fi bu’aa bayii hin qabne bakka tokkotti akka argannu nu gargaareera jedhan jiraattonni godina lixa Oromiyaa magaalaa Gimbii. Jiraattota magaalichaa ENA’f yaada kennan keessaa obbo Koorsaan akka ibsanitti, Kanaan dura dhimmasaanii raawwachiifachuuf waajjiraalee mootummaa garagaraa deemuun yeroo fi maallaqa qisaasaa turaniiru. Har’a garuu wiirtuun kun magaalaa Gimbiitti waan banameef dhimmasaanii yeroo gabaabaa keessatti xumurachuu waan danda’aniif gammaduusaanii ibsaniiru. Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob tajaajila si’ataa bakka tokkotti akka argannu taasisuudhaan bu’aa bayii fi baasii hin malle Kanaan dura baasaa turre nurraa hambiseera kan jedhan ammoo jiraataa magaalaa Gimbii obbo Girmaa Biraasaati. Wiirtuun kun hojiirra ooluunsaa namoonni tajaajila fooyya’aa wal qixxummaan akka argatan kan gargaaru waan ta’eef hojiin kun cimee itti fufuu qaba jedhaniiru. Eyyama daldalaa haaromsuuf gara wiirtuu kanaa kan dhufan obbo Waaqjiraa Taammiruu gamasaaniin, baasiin hin mallee fi deddeebiin Kanaan dura ture hafee tajaajila barbaadan argachuu akka danda’an dubbataniiru. Tajaajilli wiirtuu tokkoo kun guutuu fi hawaasaaf tajaajila kennuudhaan rakkoolee bulchiinsa gaarii furuuf shoora guddaa qaba jedhaniiru. Hojii gaggeessaan olaanaa tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob magaalaa Gimbii obbo Waaqtolee Malkaa ENA’f akka ibsanitti, hawaasni bakka tokkotti tajaajila si’ataa akka argatu taasiseera. Wiirtuun kun rakkoolee kenniinsa tajaajilaa furuudhaan tajaajilamtoonni bu’aa bayii malee tajaajila akka argatan taasiseera jedhaniiru.
Kayyoon gurmaa'insa haaraa tajaajila si'ataa, amanamaa fi dhaqqabamaa taasisuun fayyadamummaa ummataa mirkaneessuudha'' Obbo Agenyew Fiqiruu
Oct 16, 2026 359
Onkoloolessa 6/2019 (ENA) Kayyoon gurmaa'insa haaraa tajaajila si'ataa, amanamaa fi dhaqqabamaa taasisuun fayyadamummaa ummataa mirkaneessuu ta’uu Itti gaafatamaan Waajjira Kantiibaa Magaalaa Shaggar Obbo Agenyew Fiqiruu ibsan. Itti gaafatamaan Waajjira Kantiibaa Magaalaa Shaggar Obbo Agenyew Fiqiruu Mootummaan jijjiiramaa komii, gaaffii fi yaada ummanni rakkoo tajaajilaa irratti qabu hundeerraa furuuf gurmaa'insaa fi qajeelfama haaraa gadi buusuu ibsaniiru. kaayyoon gurmaa’insa kanaa tajaajila si'ataa, amanamaa fi dhaqaabamaa hawaasni akka argatu taasisuun fayyadamummaa ummataa mirkaneessuudha jedhaniiru. Bulchiinsa Magaalaa Shaggariitti Qajeelfama Ramaddii Hojjettoota Mootummaa Manneen Hojii Naannoo Oromiyaa murteessuuf bahe lakk 34/2019 irratti bakka hooggantootnii, Manajimantii sektarootaafi dhimmamtootni argamaniitti mariin gaggeeffame. Mootummaan jijjiiramaa tajaajila si'ataa, dhaqaabamaafi amanamaa hawaasni haala mijataa ta'een akka argatu akkasumas amantaa ummanni mootummaa irratti qabu guddisuuf gurmaa'insaafi qajeelfama ramaddii hojjetoota mootummaan manneen hojii mootummaa Naannoo Oromiyaa haaraa gadi buusee jira. Haaluma kanaan Bulchiinsa Magaalaa Shaggariitti qajeelfamaafi gurmaa'insaa haaraa kana karaa iftoomina qabu, loogii irraa bilisa ta'eefi bu'uura qajeelfamaan akka raawwatuuf mariin hooggantoota, manajimantii manneen hojii fi dhimmamtoota waliin gaggeeffameera. Itti gaafatamaan Waajjira Paabliik Sarviisiifi misooma Qabeenya namaa magaalichaa Dr .Cammaraa Shibbiruu kaayyoon gurmaa'insa haaraa fi qajeelfama ramaddii haaraa hojjetoota mootummaa loogii fi ogii malee gahumsaa fi dandeettiin hojjettootaa fi hojii walsimsiisuun tajaajila si'ataa, amanaafi bu'aqabeessa hawaasni akka argatu taasisuun itti quufinsa maamilaa guddisuu akka ta'e himaniiru. Mariichi Koreewwan Qajeelfama Ramaddii Hojjettoota Mootummaa Manneen Hojii Naannoo Oromiyaa murteessuuf bahe lakk 34/2019 raawwachiisan filachuun xumurameera jechuun Tajaajilli Koomunikeeshinii Magaalichaa gabaaseera. #Biyya Guddoo, Ummata Guddaa # Mul'ata Guddaa!
Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob qisaasama yeroo fi maallaqaa hambisuun nu fayyadaa jira-jiraattota
Oct 15, 2026 419
Onkoloolessa 05/2019 (ENA)- Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob qisaasama yeroo hambisuun alatti baasii hin malleef akka hin saaxilamne akka isaan gargaare magaalaa Shaggaritti jiraattonni kutaa magaalaa Buraayyuu ibsan. Dhimmoota mootummaan akka ijootti qabate keessaa kenniinsa tajaajila mootummaa ammayyeessuu, bulchiinsa gaarii buusuu fi hudhaalee birokiraasii dhabamsiisuundha. Tajaajilamtoonni Kanaan dura dhimma tokkoof biirolee fi dhaabbilee garagaraa jidduu deddeebi’uun, yeroo dheeraa eeguun, akkasumas baasii hin malleef saaxilamuun bu’aa bayiin irra gahaa tureera. Hojmaanni haaraa kun qisaasama yeroo fi baasii uumuun gamatti, malaammaltummaa fi hojmaata badaaf ulaa banuun itti quufinsa ummata tajaajila barbaaduu gadi buusuun hariiroo ummataa fi mootummaa jidduutti dhiibbaa uumaa tureera. Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob rakkoo kana furuuf hojmaattota addaan faffaca’an bakka tokkotti qindeessuun teeknooloojiin deeggaramee tajaajila kennaa jira. Hojmaanni kun bu’aa bayii tajaajilamtootarra gahu hir’isuun, iftoominaa fi si’aayina kenniinsa tajaajilaa guddisuun akkasumas itti quufinsa mirkaneessuun jijjiirama guddaa fidaa jira. Magaalaa Shaggar kutaa magaalaa Buraayyuutti fayyadamtoota tajaajilichaa keessaa obbo Tamasgeen Ballaxaa akka dubbatanitti, Kanaan dura dhimma tokko raawwachiifachuuf deddeebii fi yeroo dheeraa akka gaafatu ibsanii, amma garuu yeroo gabaabaa keessatti tajaajila si’ataa argachaa jiru. Tajaajilli kun hawaasa kan fayyadee fi mootummaa fi hawaasa jidduutti wal amantaa uumuuf qooda olaanaa akka qabu eeraniiru. Tajaajilichi bakka tokkotti argamuunsaa deddeebii fi harkifannaa hambisuun, yeroo gabaabaa keessatti tajaajila gahaa argachuuf akka isa gargaare dargaggoo Baacaa Baqqaanaa ibseera. Adde Abarraash Makuraa gamasaaniin, Kanaan dura dhimma tokko raawwachiifdachuuf deddeebii fi yeroo dheeraa fudhachaa akka ture yaadachiisanii, amma garuu tajaajila wiirtuu tokkoo Masooniin tajaajila si’ataa fi qulqulluu battalatti argachuu akka danda’an ibsaniiru. Hojii gaggeessaan tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob kutaa magaalaa Burraayyuu Injiinar Isaayyaas Mokonnon akka ibsanitti, tajaajilichi deddeebii tajaajilamtootaa hambiseera. Hawaasni malaammaltummaaf akka hin saaxilamne gochuun mootummaa fi ummata jidduutti iftoomina kan guddise ta’uu dubbataniiru. Kana malees tajaajilli Kanaan dura waajjiraalee garagaraa keessatti faffaca’ee ture bakka tokkotti fiduun hawaasa kan bayyanachiise ta’uu eeraniiru.
Diinagdee
Bara kana Godinichatti baala Shaayii miiliyoonaa 200 ol dhabauuf hojjetama jira
Oct 19, 2026 102
Onkoloolessa 9/2019(ENA) - Bara kana godina kibba lixa Oromiyaa aanaalee 15 keessatti baala Shaayee miiliyoona 200 ol dhaabuuf hojjetamaa jiraa jedhan sadarkaa itti aanaa Pirezidaantiitti bulchaan Godinichaa Dr. Rashaad Kamaal ibsan. Hooggantoonni olaanoon Godina Kibba Lixa Oromiyaa Aanaa Gachiitti misooma baala Shaayee daawwataniiru. Sadarkaa itti aanaa Pirezidaantiitti bulchaan Godinichaa Dr. Rashaad Kamaal wayita kana akka jedhanitti, dinagdeen hawaasa godinichaa akka guddatu Xiyyeeffatamee ni hojjetama. Bara kana godinatti aanaalee 15 keessatti baala Shaayee miiliyoona 200 ol dhaabuuf hojjetamaa jiraachuu ibsanii, biqiltuu kana dhaabuuf kan oolu lafti hektaara kuma 2 ol qophaa’uun dubbataniiru. Oomisha kanarraa argamu sona itti dabaluun gabaa alaaf erguuf akka gargaaru warshaan kan dhaabatu ta'uus dubbataniiru. Godinichatti qonnaan bultoonni Aanaa Gachiis misoomni baala Shaayee kanaan dura fagootti beekan gara qe'ee isaaniitti dhufuun akka isaan gammachiise himuun, misooma kana oyiruu isaanii irratti kan babalisan ta'uus dubbataniiru.
Itoophiyaa fi Ameerikaan hariiroo gam-lameesaanii cimsachuuf kutannoo qaban ibsa
Oct 19, 2026 117
Onkoloolessa 9/2019 ( ENA) Itoophiyaa fi Ameerikaan dinagdee dabalatee tumsa gam-lamee isaanii caalaatti guddisuuf kan hojjetan ta'uu beeksisaniiru. Waltajjiin waggaa Dhaabbata Maallaqa Addunyaa (IMF) fi Baankii Addunyaa bara 2026 Taayilaandi, Baankookitti gaggeeffameera. Gareen jila Itoophiyaa Bulchaa baankii biyyaalessaa Itoophiyaa Dr. Iyyoob Takaalenyiin durfamu, walga’ii waggaa kana cinaatti Itti-aanaa gargaara Ministira Dinagdee Ameerikaa, ganfa Afrikaa fi Baha giddugaleessaa Eerik Meeyer waliin marii taasisaniiru. Mariin gam-lamee kun riifoormii dinagdee waliigalaa Itoophiyaan gaggeessaa jirtu itti fufsiisuu fi ariifachiisuuf deeggarsa teeknikaa fi faayinaansii guddisuuf haala danda'amu irratti, keessattuu deeggarsa gama dhaabbilee faayiinaansii addunyaan taasifamuu danda'an irratti kan xiyyeeffate dha. Itti-aanaan Gargaaraan Ministiraa Eerik Meeyor kutannoo Itoophiyaan riifoormii dinagdee hojiirra oolchuuf taasisaa jirtu dinqisiifataniiru. Ameerikaan tumsa gam-lameen akka jiraatuuf kutannoon kan hojjettu ta'uu mirkaneesaniiru. Dhumarrattis, galmaan ga’insa guddina waliinii fi tasgabbii naannichaa cimsachuuf marii bu’aa qabeessa ta’e cimsuun kan itti fufan ta’uu walii galtee irra gahaniiru.
Godina Kibba Lixa Oromiyaatti oomisha bunaa toonii kuma 779 ol sassaabuuf hojjetamaa jira.
Oct 19, 2026 87
Onkoololessa 9/2019 (ENA) Godina Kibba Lixa Oromiyaatti oomisha bunaa toonii kuma 779 walitti qabuuf hojjetamaa jiraachuun ibsameera. Hoggantootni olaanoon Godina Kibba Lixa Oromiyaa Aanaa Limmuu Kossaatti hojii misooma bunaa daawwataniiru. Daawwannaa kanaarratti kan argaman Sadarkaa Pirezidaantii Ittaanaatti Bulchaa Godinichaa Doktar Rashaad Kamaal buna qulqullina qabu funaanuun qulqullinaaf baayyinaan gabaa alergiif oolchuun sharafa alaa biyyaaf argamsiisuu fi galii qonnaan bulaas guddisuuf hojjetamaa jiraa jedhaniiru. Keessumaa buna sanyii filatamaa babal'isuu fi oomisha argamus qulqullinaan sassaabuurratti hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Godinichatti bara kana oomisha toonii kuma 779 ol argachuuf karoorfamee sassaabbiin oomishaa eegalamuu Koomunikeeshiniin godinichaa gabaaseera.
Pirojektoota namarratti xiyyeeffatan kan naannoo Harariitti gaggeeffamaa jiran qulqullinaa fi hatattamaan xumuruuntajaajilaaf akka oolan taasifamaa jira
Oct 17, 2026 385
Onkoloolessa 7/2019 (ENA) - Pirojektoota namarratti xiyyeeffatan kan naannoo Harariitti gaggeeffamaa jiran qulqullinaa fi hatattamaan xumuruuntajaajilaaf akka oolan taasifamaa jiraachuu pirezidaantiin naannichaa Ordiin Badrii ibsan. Pirezidaanti Ordii miseensota kaabinee waliin ta’uun pirojektoota qarqara lagaa, wiirtuu dhaabbilee, daandii fi misooma kooriidaraa magaalaa Hararitti hojjetamaa jiran daawwataniiru. Pirojektoonni kunneen qulqullinaa fi hatattamaan hojjetamaa akka jiran pirezidaantichi eeranii, hojiiwwan bu’ura misoomaa fi misooma kooriidaraa ummata fayyadamaa taasisan itti fufiinsaan akka hojjetaman dubbataniiru. Misoomni kooriidaraa qaqqabiinsa bu’ura misoomaa guddisuun alatti haala jireenya lammiilee fooyyessaa akka jiru eeranii, milkaa;inasaaf deeggarsi ummataa cimee itti fufuu akka qabu hubachiisaniiru. Magaalaa Hararitti misomni jijjiirama bu’uraa fidaa kan jiru yoo ta’u, fuulduras hojiileen misoomaa Kanaan wal qabatan akka hojjetaman mirkaneessaniiru.
Saayinsii fi teeknooloojii
Yunivarsiitiin Haroo Mayaa oomishtummaa qonnaa guddisuuf sanyii baay’isaa jira
Oct 19, 2026 97
Onkoloolessa 9/2019 (ENA)-Yunivarsiitiin Haroo Mayaa sanyii filatamaa qonnaan bulaa biraan gahuu gahuu fi oomishtummaa qonnaa guddisuuf sanyii baay’isaa jiraachuu ibse. Yunivarsiitichatti qindeessituun garee qorannoo fi faasiliitii midhaanii fi beelladaa Burtukaan Yimaam ENA’f akka ibsanitti, sanyuun kun mooraa muummee, Baabbilee, Kurfaa callee, Fadiis, Giraawwaa Hirnaa, Dirree Dawaa dabalatee bakkee birootti kan argaman buufataalee qorannoo 14 keessatti gaggeeffama. Sanyiin baay’ifamanis Boloqqee, Qamadii, Atara, Loozii, Baaqilaa, Mosee fi akaakuuwwan midhaanii biroo ta’uu fi sanyiiwwan filatamaa baay’ifaman hongee fi dhukkuba damdamachuun oomisha gaarii akka kennan ibsameera. Misooma Intarpiraayizii Yunivarsiitichatti qindeessaan mekaanaayizeeshinii qonnaa obbo Taaddasaa Addunyaa gamasaaniin, yunivarsiitichi hanqina sanyii filatamaa furuuf akaakuuwwan midhaan qorannoon fooyya’an baay’isaa akka jiru ibsaniiru. Bar-dheengaddaa sanyiiwwa Mosee ‘Buubbuu’ fi ‘Guddannee’ jedhaman baay’isuu sanyii kuntaala kuma 2 gatii madaalawaan qonnaan bultoota naannawaa fi kanneen biroof gatii madaalawaan raabseera. Kana malees Yunivarsiitichi sanyii loonii foyyessuu fi oomishtummaa guddisuuf hojjechaa jira. Yunivarsiitii Haroo Mayaatti barsiisaan kutaa barnootaa saayinsii beelladaa fi qindeessaan faarmii beelladaa Guutaa Kumsaa gamasaaniin, Yunivarsiitichi misooma qabeenya beelladaa ammayyeessuu fi oomishtummaa guddisuuf xiyyeeffatee hojjechaa jira jedhaniiru. Wiirtuu horsiisa beelladaa keessatti sanyiiwwan beelladaa guyyaatti aannan liitira 30 ta’u elmaman fooyyessuuf hojjetamaa kan jiru yoo ta’u beelladoota karaa nam tolcheen diqaalfaman hawaasa naannawaa fi dhaabbilee biroof ni dhiheeffama. Sanyii baay’isuurratti kan hirmaatan Jamiilaa Umar akka ibsanitti, bara kana hanqinni roobaa jiraatus jallisiitti gargaaramuun sanyiin baay’ifameera. Omishni walitti qabamus hanqina sanyii roobaan mudachuu danda’u furuuf akka gargaaru ibsaniiru.
Itiyoophiyaan guddina damee teeknooloojii hubannoo nam-tolcheetiin taasiftu itti fufsiisuuf leenjii fi tumsa irratti xiyyeeffachuu barbaachisa
Oct 13, 2026 775
Onkoloolessa 3/2019(ENA)- Itiyoophiyaan imaammattoota dandeettii damee teeknooloojii hubannoo nam-tolcheetiin qabdu hojiirra oolchuun gamatti dandeettii humna namaa leenjiin gabbisuu fi tumsa dhaabbilee cimsuun akka barbaachisu ibsame. Yunivarsiitiin Jimmaa fi akkaadaamiin innoveeshin endi teeknooloojii dijitaalaa Afriikaa (ADITA) gama misooma teeknoolooji, leenjii fi tajaajila gorsa ogummaatiin waliin hojjechuuf walii galaniiru. Hubannoo nam-tolchee baruu fi barsiisuu fi qorannoof itti gargaaramuuf dhimmoota barbaachisanirratti hoggantootaa fi ogeessota Yunivarsiitichaaf leenjiin kennameera. Hojii raawwachiisaan olaanaa akkaadaamii innoveeshin endi teeknooloojii dijitaalaa Afriikaa piroofeesar Shaggaawu Annaagaawu, akkaadaamichi gama misooma teeknooloojiin, leenjii fi dhimmoota konsaltaansiitiin Yunivarsiitii Jimmaa waliin hojjechuuf walii galuusaa ibsaniiru Tumsi kun Yunivarsiitonni hubannoo nam-tolchee baruu fi barsiisuu fi qorannoof sirnaan akka fayyadaman gargaaruuf kan akeekame ta’uu ibsaniiru. Itiyoophiyaan gama hubannoo nam-tolcheen jijjiirama guddaa agarsiisaa jiraachuu ibsanii, inistiitiyuutiin hubannoo nam-tolchee hundeeffamuunsaa fi imaammanni damee kanaaf gargaaru bahuunsaa misooma teeknooloojichaa si’achiisuuf barbaachisoodha jedhaniiru. Guddinni teknooloojii bu’a qabeessa akka ta’u nama ogummaan cime horachuu fi dhaabbilee barnootaa, dargaggootaa fi dhaabbilee garagaraaf leenjii kennuun akka barbaachisu eeraniiru. Inistiitiyuutichi kaayyoo kanarratti hundaa’uun Yunivarsiitii Gondor, Bahaar Daar, Finfinnee fi Jimmaa dabalatee Yunivarsiitiiwwan biroo keessatti leenjii kennaa akka jiru Piroofeesar Shaggaawu dubbataniiru. Itiyoophiyaan moodaloota hubannoo nam-tolchee afaan biyyattii garagaraan hojjetan qopheessuun teeknooloojicharraa caalaa fayyadamuu akka qabdu eeraniiruy. Pirezidaantiin Yunivarsiitii Jimmaa Dr. Darajjee Ingidaa gamasaaniin, Yunivarsiitichi itti fayyadama teeknooloojii babal’isuuf dhaabbilee garagaraa waliin tumsaan hojjechaa akka jiru ibsaniiru. Yunivarsiitichi hojjettootasaa teeknooloojiin ga’oomsuun gamatti dame hubannoo nam-tolcheetiin lammiilee ga’ooman horachuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Daarektarri wiirtuu ‘ICT’ Yunivarsiitii Jimmaa Dr. Mahaammad Muntaaz, leenjiin akkaadaamichi Yunivarsiitii Jimmaatti kennaa jiru itti fayyadama hubannoo nam-tolchee guddisuuf qooda guddaa akka qabu ibsaniiru. Yunivarsiitichatti daarektarri wiirtuu qacarrii hojii fi kalaqaa Dr. Wayinisheet Daffaar gamasaaniin, leenjiin kun hoggantoota olaanoo Yunivarsiitichaaf kennamuunsaa sadarkaadhumaan kanneen biroos leenjisuuf akka gargaaru dubbataniiru. Leenjiin kun guyyoota lamaaf akka kennamu beekameera.
Tajaajilli Wiirtuu tokkoo Masoob sirna hirmaachisaa lammiileen hundi walqixa itti keessummeeffamanidha
Oct 8, 2026 1045
Fulbaana 28/2019 (ENA): Tajaajilli Wiirtuu tokkoo Masoob sirna hirmaachisaa lammiileen hundi walqixa itti keessummeeffaman ta’uun ibsame. Tajaajilli wiirtuu tokkoo masoob tajaajila si’ataa fi amansiisaa ta’e uumuun amantaa tajaajilamtootaa kan cimsu ta’uu Sadarkaa Itti Aanaa Pirezidaantii oromiyaatti Bulchaan Godina kibba bahaa Oromiyaa Obbo Ahimad Idriis ibsan. Obbo Ahimad tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob magaalaa Dalloo Mannaatti ijaarame eebbisanii hojiif banaa taasisaniiru. Bulchaan Godinichaa akka jedhanitti, mootummaan naannichaa tajaajila bu’uuraa lammiileen mootummaarraa argatan ammayyeessuu irratti xiyyeeffannoon hojjechaa jira. Rakkoo kenninsa tajaajilaa fi qaamolee adda addaa biratti mul’atu furuuf tajaajilli wiirtuu tokkoo furmaata tokko ta’uusa dubbataniiru. Tajaajilli wiirtuu tokkoo Masoob lammiileen kabajaa fi si’oominaan akka tajaajilaman, akkasumas dhaabbilee irratti amantaa akka horatan kan taasisu ta’uu ibsaniiru. Aanaalee godinichaa hunda tajaajila wiirtuu tokkoo babal’isuun dhiyeessii tajaajila mootummaa si’ataa ta’e uumuuf hojjetamaa jira jedhaniiru. Obbo Ahimmad tajaajila wiirtuu tokkoo Masoob imala Dijiitaala Itoophiyaa qabame kan deeggaru ta’u ibsaniiru. Kana malees, tajaajilichi lammiilee baasii hin barbaachisne irraa kan baraaruu ta'uu dubbataniiru. Gama biraatiin, Bulchaan Aanicha Obbo Umar Mahaammad, tajaajilli wiirtuu tokkoo tajaajiloota 82 wiirtuu tokkotti kan dhiyeessu ta’uu dubbataniiru. Tajaajilli wiirtuu takkaa Mesob sirna hirmaachisaa lammiileen hundi walqixxummaan itti tajaajilaman ta’uu isaas eeraniiru.
Barumsi inistiitiyuutii teeknooloojii Shaggaritti kennamaa jiru biyyi keenya teeknooloojiin akka dorgomtu kan taasisudha
Oct 2, 2026 1269
Fulbaana 22/2019 (ENA) - Barumsi inistiitiyuutii teeknooloojii Shaggaritti kennamaa jiru biyyi keenya teeknooloojiin akka dorgomtu kan taasisuu fi dhalootaaf abdii kan kennu ta’uusaa miseensonni hawaasa diyaasporaa Oromiyaa ibsan. Ayyaana Irreechaa kabajuuf biyya kan dhufan miseensonni diyaasporaa Oromiyaa magaalaa Shaggaritti kan argamu inistiitiyuutii teeknooloojii Shaggar dabalatee hojiiwwan misoomaa garagaraa daawwataniiru. Miseensonni diyaasporaa hojiilee misooma dijitaalaa hojjetaman dinqisiifataniiru. Ameerikaarraa kan dhufan Doktar Tamasgeen Shaashoo ENA’f akka ibsanitti, hojiin inistiitiyuutii teeknooloojii Shaggaritti argan biyyi keenya teeknooloojiin dorgomtuu akka taatu kan dandeessisuu fi dhaloota boruuf abdii guddaa kan kennudha. Yeroon kun addunyaan hubannoo nam tolcheen(AI) deeggaramaa yeroo jirtu waan ta’eef biyyi keenya teeknooloojiiwwan dameewwan garagaraa alaa galan biyya keessatti bakka buusuuf hojiin hojjechaa jirtu guddaa kan jajjabeeffamuu qabudha jedhaniiru. Keessumaa barattoonni qabxii olaanaa galmeessisan hubannoo nam-tolchee(AI) akka deeggaramanii fi akka ga’ooman gochuuf hojiin hojjetame kan dinqisiifatan Doktar Tamasgeen, hojiiwwan amma hojjetaman kan abdii namaa kennan ta’uu dubbataniiru. Afriikaa kibbaarraa kan dhufan Umar Usmaan gamasaaniin, hojii inistiitiyutichatti arganitti guddaa gammaduusaanii ibsaniiru. Hojiin gama teeknooloojiitiin naannoo Oromiyaatti hojjetamaa jiru biyyi keenya teeknooloojiidhaan kallattii sirriirra akka jirtu agarsiisa jechuun ibsaniiru. Noorweeyirraa kan dhufan adde Leensaa Lammeessaa, barumsi inistiitiyuutichatti kennamaa jiru sadarkaasaa kan eege waan ta’eef dargaggoonni barumsa qulqulluu biyyasaanii keessatti argatanii sadarkaa idil addunyaatti dorgomuuf akka isaan dandeessisu taasisa jedhaniiru. Dura taa’aan boordii diyaasporaa Oromiyaa obbo Tasfaayee Diimaa akka jedhanitti, daawwannaan kun qama aadaa daawwannaa pirojektoota gurguddoo torban irreechaatti wagga waggaan taasifamuuti. Daarektarri dhimma diyaasporaa Oromiyaa obbo Amiin Jundii gamasaaniin, inistiitiyuutichi erga hundeeffamee wagga tokko ta’uusaa ibsanii, amma ammaatti barattoota qabxii olaanaa Fidan 200 ol simatee barumsa hubannoo nam-tolchee(AI)‘n deeggarame barsiisaa jira jedhaniiru. Kaayyoon ijoo daawwannaa kanaa jijjiirama hunda galeessa biyya keenyatti dhufaa jiru qabatamaan agarsiisuun miseensonni diyaasporaa Oromoo beekumsaanis ta’e invastimantiidhaan biyyasaanii deeggaruuf akka qophaa’an gochuu akka ta’e dubbataniiru
Ispoortii
Gareen biyyaalessaa Itiyoophiyaa wagga 17 gadii Waancaa Afriikaaf sadaffaa ta’ee darbuuf Ruwaandaa waliin ni taphata
Oct 19, 2026 77
Onkoloolessa 9/2018 (ENA)- Gareen biyyaalessaa Itiyoophiyaa wagga 17 gadii gulaallii Seekaafaa Waancaa Afriikaa gitasaa Ruwaandaa waliin tapha sadarkaa har’a ni gaggeessa. sadaffaa ta’ee darbuuf Ruwaandaa waliin ni taphata Taphni garee lamaanii har’a guyyaa keessaa sa’aatii 7tti Ruwaandaa Kiigaalii Istaadiyoomii Peeleetti ni gaggeeffama. Gareen kun Ruwaandaa waliin gaggeessu yoo mo’ate Waancaa Afriikaaf darbuusaa ni mirkaneeffata. Fulbaana 30 bara 2019 irraa eegalee qopheessummaa Morookoon gaggeeffama kan ture gulaalliin Seekaafaa Waancaa Afriigaa wagga 17 gadii har’a xumurama. Biyyoonni dorgommii Kanaan tokkoffaa amma sadaffaa bahan zoonii Seekaafaa bakka bu’uudhaan Waancaa Afriikaa wagga 17ffaa wagga 17 gadii A.L.A 2027 Morookoon qopheessiturratti akka hirmaatan odeeffannoon federeeshiniinn kubbaa miilaa Afriikaa(Kaaf) ni mul’isa. Moorookoo dabalatee biyyoonni 16 dorgommii kanarratti ni hirmaatu. See less
Atileet Taammiraat Tolaa Maaratooni Beejingi qabxii olaanaa galmeessuun ta’een injifate
Oct 18, 2026 332
Onkoololeessa 8/2019 (ENA) Atileet Taammiraat Tolaa dorgommii Maaratoonii Beejingi rikkoordii haaraa fooyyessuun injifateera. Ramaddii dubartootaatiin dorgommii gaggeeffameen immoo atileet Anchiin aaluu Dassee injifachuu dandeesseetti. Atleetoonni Itoophiyaa dorgommii maaraatoonii Beejingi kan bara 2026 kanaan, atileet Taammiraat Tolaa qabxii haaraa galmeessisuun injifannoon xumureera. Atileet Taammiraat Tolaa dorgommii kana sa’aa 2 fi daqiiqaa 03 fi sekondii 10n xumuruun, qabxii dorgommii duraanii daqiiqaa afuriin fooyyessuun dandeettii ajaa’ibsiisaa agarsiiseera.
Taphni Arsenaal fi Nottingiham Forest, akkasumas Manchesteer yuunaayitidii fi Liidsi yuunaayitid Sagantaawwa hawwiin eegamanidha
Oct 18, 2026 289
Onkoloolessa 8/2019 (ENA) Taphoota torbee 7ffaa Piriimeer Liigii Ingilaandi guyyaa lammaffaa har'a taphooni afur ni gaggeeffamu. Galgala sa'aatii 12 fi daqiiqaa 30 irratti Nottingiham Foresti Arsenal waliin Istaadiyeemii Siti Giraawundiitti ni taphatu. Nottingiham Forest qabxii shan qabaachuudhaan sadarkaa 17ffaa irratti argama. Shaampiyooniin liigii yeroo ammaa Arsenal qabxii 15 dhaan sadarkaa lammaffaa irratti taa'eera. Keessummeessaan Foresti taphoota liigii darban lamaanmoo injifatamuu dabarsaniiru. Sagantaan kun gara injifannoo deebi'uuf kan taasifamu dha. Torbee ja'affaatti Leedsi United 2 fi 1 injifachuun gara injifannoo deebi'e Arsenaal deemsa injifannoo isaa itti fufuuf ni tapha. Arsenaal yoo injifatan garagaraa qabxii Liigii durfamaa Manchester Siitii waliin qaban gara sadiitti gadi buusu. Sagantaa biraa irratti Liidsi yuunited Manchester yuunaayitid waliin Istaadiyeemii ayilaandi Rooditti waaree booda sa'aatii 10 irratti tapha isaanii ni gaggeessu. Keessummeessaan Leedsi qabxii sagal qabaachuudhaan sadarkaa 8ffaa irratti argama. Dorgomaan isaa Manchisteer Yuunaatid qabxii ja'aan sadarkaa 14ffaa irratti argama. Liids yuunaayitid taphoota lamaan darban, Manchister yuunaayitid immoo sagantaawwan liigii afur darban injifachuu hin dandeenye. Kilaboonni lamaan gara injifannoo deebi'uuf tapha taasisan dorgommii wal-madaalaa akka qabu ni eegama. Sagantaawwan biroo irratti Birayitan Kiristaal Paalaas waliin, akkasumas Boornimaawuz Sanidar Laandi waliin walduraa duubaan waaree booda sa'aatii 10 irratti tapha isaanii ni taasisu.
Dorgommii Maaraatoonii Atileetiksii Toroontoo fi Amisteerdaam irratti Atileetonni Itoophiyaa hawwiidhaan eegamu
Oct 18, 2026 262
Onkoloolessa 8/2019 (ENA) Maaraatooniin Toorontoo 37ffaan har'a waaree booda sa'aatii sagal irraa eegalee ni gaggeeffama. Dorgommicharratti Koorniyaa lamaaniinuu atileetoonni Itoophiyaa 11 ni hirmaatu. Dubartootaan Ayinaadis Tashoomee, Maarituu Katamaa, Nigisti Haaftuu, Zawdiituu Adaraaw, Ilfinash Damsee fi Qabbanee Caalaa ni hirmaatu. Maaraatoonii Siyeel bara kanaarratti sa'aatii 2 fi daqiiqaa 20 sekondii 51 galuun kan injifatte Ayinaadis Tashoomee dorgommicha ni injifatti jedhamuun atileetota hawwiin eegaman keessaa tokko dha. Yeroon isheen itti seentes yeroo fooyyee dhuunfaa fageenyichaa ti. Sa'aatiin 2 fi daqiiqaa 16 sekondii 07 yeroo fooyyee dhuunfaa ishee kan ta'e Maarituu Katamaanis atileetii biraa kan eegamtu dha. Atileetonni lammii Keeniyaa Ruut Chebitook fi Biitriis Cheseerek dorgomtoota cimoo atileetota Itoophiyaa ta'u jedhamuun eegamu. Dinqalaam Ayyaalaa, Gizaalaw Ayyaanaa, Limanih Geetaachaw, Yismaaw Axinaafuu fi Fiqaaduu Liichee Atileetota Itoophiyaa dhiirootaa hirmaatanidha. Sa'aatii 2 fi daqiiqaa 6 sekondii 43 yeroo dhuunfaasaa kan fooyyeefate qabu Dinqalaam Ayyaalaa atileetota tilmaama injifannoo argatan keessaatti argama. Akkasumas Gizaalaw Ayyaanaa Atileetii biraa kan eegamu yoo ta'u, sa'aatii 2 fi daqiiqaa 5 sekondii 35 yeroo fooyyee dhuunfaasaa qaba. Dhiirootaan injifataan Maaraatoonii Toorontoo yeroo ammaa atileetiin lammii keeniyaa Leeyonaardi Laangaat fi atileetiin biyyattii biraa Elviis Cheboy dorgommicharratti ni eegamu. Maaraatoonii Toorontoo 37ffaarratti koorniyaa lamaaniinuu atileetonni 44 ni hirmaatu. Atileetota kana dabalate namoonni kuma 30 ol hirmaattota dha. A.L.A bara 1990 kan jalqabame Maaraatoonii Toorontoo dorgommii Atileetiksii Addunyaatiin beekamtii kan qabu (World Athletics Elite Label Road Race) dha. dabalataanis Maaraatoonii Amisteerdaam 50ffaan har'a ganama sa'aatii afur irraa eegalee ni gaggeeffama. dorgommichaan Dubartoota injifatan yeroo ammaa Ayinaalam Dastaa ni eegamti. Masarat Ballaxxaa, Buuzee Dirribaa, Mastaawot Fiqiree fi Yashii Kaalayyuu dorgommicharratti ni hirmaatu. Dhiirootaan Lammii Birhaanuu, Tsaggaayee Geetaachoo fi Hayimaanot Aleewu kan hirmaatan ta'u. Maaraatoonii Amisteerdaam sadarkaa Pilaatiiniyamii Atileetiksii Addunyaatiin kan kennameefiidha. Miseensa Maatii Dijiitaalaa ENA ta’aa https://linktr.ee/ENADigital #BiyyaGuddoo,UmmataGuddaa#Mul'ataGuddaa!
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Itiyoophiyaa fi Denmaark jijjiirama haala qilleensaarratti tumsasaanii akka cimsan ibsan
Oct 14, 2026 731
Onkoloolessa 4/2019 (ENA)- Itiyoophiyaa fi Denmaark jijjiirama haala qilleensaarratti tumsasaanii caalaatti cimsuuf walii galtee mallatteessaniiru. Ministirri maallaqaa Dr. Fitsum Asaffaa fi Itiyoophiyaatti ambaasaaddarri Deenmaark Sunee Kiroogsitirup walii galticha mallatteessaniiru. Akkaataa walii galtee kanaatti Itiyoophiyaan jijjiirama haala qilleensaa ilaalchisee ajandaa duraa fi kallattii xiyyeeffannoo sadarkaa idil addunyaatti beeksisuu fi agarsiisuuf gootuuf Deenmaark deeggarsa maallaqaa akka taasiftu himameera. Walii galteen haaraan kun hirmaannaa Itiyoophiyaan Kanaan dura taateewwan jijjiirama haala qilleensaarratti taasisaa turterratti hundaa’uun kan raawwatame yoo ta’u michoomaa fi tumsa egeree biyyoota lamaanii caalaatti akka cimsu ibsameera.
Ergaa Ministira Muummee Dr.Abiyyi Ahimad dabarsan:
Oct 13, 2026 528
Inistitiyuutii Metiworooloojii Itoophiyaa daawwachuuf carraa argadheen ture. Dhaabbatichi tajaajila raaga qilleensaa guutuu kennuudhaan dhaabbata humna misoomaa biyyattiif hojiiwwan murteessaa ta'an hojjechuudhaan umurii bara dheeraa qabudha. Daawwannichaan haala qilleensaafi amala qilleensaa jijjiiramaa jiru ilaalchisee haalota hubachuufi deebii kennuudhaan humna qabnu cimsuudhaaf odeeffannoo meetiriiwooloojii funaanuun, qorannoon saayinsaawaafi guddinni teknooloojii faayidaa olaanaa qabu kan mirkaneesse ta'uu argeera. Dhaabbilee akka Inistitiyuutii Metiworooloojii Itoophiyaa jiran cimsuun baay'ee barbaachisaadha. Tajaajiloota dameewwan ijoo akka qonnaa, bishaan, fayyaa, aviyeeshiniifi hooggansi hojii yaaddoo balaa itti hirkatan fooyyessuuf ijaarsa dandeettii humna namaa, teknooloojiiwwan ammayyaafi misooma bu'uraa odeeffannoo irratti qabeenya ramadanii hojechuun murteessaadha. Keessaayyuu balaawwan dursanii tilmaamuuf, naannaawwan kamitti dafanii qaqqabuun caalaatti akka barbaachisu murteessuuf akkasumas karaa wayitawaa fi bu'a-qabeessa ta'e akka sochoonu gochuuf faayidaa sirnoonni dursanii akeekkachiisuu qaban najajjabeesseera. Odeeffannoo amansiisaan gara qajeelfamoota qabatamaatti yoo jijjiiramu lubbuu baraara; qabeenya kunuunsa, akkasumas murtii fooyya'aa kennuuf gargaara. Hojiin akkasii saatalaayitii ilaaluu bira kan darbudha. Hojichi odeeffannoowwan funaanamanii, qindaawwaaniifi qaacceffamanii tarkaanfii wayitaawaa fudhachuuf akka gargaaran, buufatawwan funaansa odeeffannoofi man'ee giddugala odeeffannoo ciccimoo guutummaa biyyattiitti argaman irraattis kan hundaa'edha.
Harka Lammiilee isheen Dachee Laliste -Itoophiyaa
Sep 22, 2026 2703
Waggoota kurnan darban keessa uwwisni bosonaa ishee baay’ee haphatee ture. Haalli kunis biyyattii jijjiirama haala qilleensaa fi eegumsa naannoof qormaata itti ta’aa tureera. Kaka’umsa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimadiin ifatti bara 2011 kan jalqabame sagantaan ashaaraa magariisaa bu’aa olaanaa fidaa jira. Sagantaa ashaaraa magariisaa kanas ummanni Itoophiyaa qajeelfama hoggansa isaa fudhachuun duulaan biqiloota dhaabuun adda duree akka ta’e Zegaardiyaan gabaasa isaa keessatti bal’inaan ibseera. Haliimaa Kadir yeroo jalqabaaf gaafa biqiltuu dhaabuu jalqabdu namoonni akka ishee shakkanii fi itti qoosan akka turte illee Zegaardiyaan gabaasa isaa keessatti eereera. Biqiloonni dhaabaman kunniin muuzii,zayituunaafi Giraaviiliyaa, akkasumas gosoota kuduraa fi muduraa adda addaan oyiruu uwwifame bira teessoo mukaarra teessee gaafa biqiltuu dbaabuuf jettu sana gara duubatti yaadatti. Olloonni koo abdii na kutachiisanii ture jetti. Garuu waan ajaa’ibaa hojjette. Namoota Tokkoo tokkoo isaaniif ifaajii homaa hin baafne itti fakkaatee ture;garuu booda biqiloonni dhaabaman kunniin jijjiirama qilleensaa fi wabii nyaataa mirkaneessuuf furmaata ta’ee gaafa argamu dhugaa jiru hubachaa dhufuu isaanii ibsiti. Naannoo Oromiyaa aanaa Barbareetti kan kan argamtu Haliimaa Kadir umuriin waggaa 35 kan taate,biqiloota kumaatamaan lakkaa’aman dhaabuun eegumsa naannoof modeela taateetti. Biyya akka Itoophiyaa mancaatiin bosonaa mudatuti hojiin Haalimaa salphaa hin turre; ija jabina naamusaa fi cimina guddaa gaafata ture. Amma garuu wanti hundi jijjiirameera jetti Haalimaan. Biqiltoonni isheen dhaabde guddachuu fi naannoon ishee magariisa ta'aa dhufuun, warri jalqaba abdii kutachiisuuf yaalan illee hojii cimaa fi kutannoo ishee akka dinqisiifatan ibsiteetti. Haalimaaf biqiltuun isheen dhaabdu muka ofii isaatii irra darbee hiika qaba; isaanis hiriyyoota ishee dhiyootiin akkasumas qormaata hawaasa ishee addunyaa irratti jijjiirama qilleensaaf saaxilamoo ta’an keessaa tokko ta’eef furmaata ta’anii ilaalamu. Akkuma ‘The Guardian’ gabaasetti; Itiyoophiyaan babal’ina qonnaa, biqiltuu qoraaniif oolan fi itti fayyadama cileef irraa kan ka’e uwwisa bosona ishee bal’aa dhabdeetti. Kunis heddummina lubbu qabeeyyii, gabbina biyyee fi qabeenya bishaanii irratti miidhaa guddaa kan geessise yoo ta’u, balaawwan haala qilleensaatiin walqabatan hammeesseera. Inishiyeetiiwwan hedduu mootummaan Itiyoophiyaan eegalte keessaa tokko kan ta’e Ashaaraa Magariisaan, jijjiirama qilleensaa fi mancaatii bosonaa hir’isuu keessatti gahee olaanaa taphateera. Gabaasni kun akka mul’isutti waggoota torban darban keessatti biqiltuun biiliyoona 48 ta’u sagantaa kanaan dhaabameera, kan amma jiru osoo hin dabalatiin jechuudha. Ollaan Haalimaa Faxee Abdullaahi milkaa’ina Haalimaa erga argitee booda eegumsa naannoo irratti hirmaattetti. Isheenis nuti akka hin dogoggorre nutti agarsiifte jechuun Haalimaa jajuun, rakkoon furmaata biyya keessaatiin rakkoo addunyaa furuun furuun akka danda’amu agarsiisuudhaan fakkeenya taatee jirti jette. Hawaasni Oromoo daa’ima nama biraa irraa dhalate abbaa fi haadha uumamaa ykn walitti dhufeenya dhalootaa tokko malee fudhachuun akka dhala ofiitti guddifachuun, akka ilmoo ofiitti guddisee, faayidaa dinagdee fi hawaasummaa isaa eeguun aadaa qaba. Ummanni Oromoo biqiltuu akka ilmoo isaatti ilaala. Haalimaan duudhaa kana irraa ka’uun biqiloota dhaabuun kunuunsuun akka ishee gargaare ibsiteetti. Akkasumas walitti dhufeenya ijoollee ishee waliin qabdu miira haadhummaa waliin walqabsiistee jirti. ''Akkuma aadaa keenya keessatti ijoollee guddifnu, biqiltuus akka ijoollee kootti nan ilaala,'' jetteetti. Naannoo hanqinni bishaanii hamaan jiru keessa kan jiraattu Haalimaan gara sa'aatii tokkoo deemtee biqiltuu ishee bishaan obaasti. Ilmi Haalimaa ganna 13, Anwaar Hasan, haadha isaatti akka boonu ibsuun, kaayyoo ishee hordofuu akka barbaadu dubbata. Jijjiirama qilleensaa ittisuuf umurii guutuu waadaa galuu akka barbaadus himeera. Maatiin fi dubartoonni kumaatamaan lakkaa’aman ganda naannoo sana jiranis sagantaa biqiltuu dhaabuu kana irratti hirmaataniiru. Akka qorattoonni naannoo fi ogeeyyiin jedhanitti, gosoonni mukaa dhalootaan maatii fi dhaabbilee adda addaatti raabsaman hedduun isaanii guddataniiru. Naannolee gammoojjii fi haala qilleensaaf miira qaban keessatti tattaaffiin kun hawaasni jijjiirama qilleensaa caalaatti akka dandamatu gargaaruu danda’a. Qindeessaan Sagantaa Biyyaalessaa ‘REDD+’ Misooma Bosonaa Itiyoophiyaa Doktar Xibabuu Mogas sagantaa dhaabbii biqiltuu hanga ammaatti milkaa’inni guddaan argame badda dareetti ta’uu dubbatu. Itiyoophiyaan jijjiirama qilleensaa ittisuuf kutannoon hin raafamne akka biyyaattis ta’e idil-addunyaatti guddachaa fi babal’achaa dhufeera. Miidiyaa Dijitaalaa ENA hordofaa- https://www.ena.et/web/links
Raaga haala Qilleensaa bal'inaan dhaqqabamaa taasisuun qophii gahaan akka jiraatuuf dhiheenyaan hojjetamaa jira
Sep 18, 2026 2048
Fulbaana 8/2019 (ENA) Odeeffannoo raaga haala qilleensaa bal'inaan dhiyeessuun qophii fi offeeggannoo duraa akka jiraatuuf dhiyeenyaan hojjetamaa jiraachuusaa Inistitiyuutiin Meetiroloojii Itoophiyaa beeksise. Inistitiyuutichi gamaggama haala qilleensa gannaa fi raaga haala qilleensa bonaa fuulduraa hirmaannaa qooda fudhattootaatiin Adaamaatti gaggeessaa jira. Daarektarri Olaanaan Inistitiyuutichaa Dr.Faxxanaa Tashoomaa akka jedhanitti, Inistitiyuutichi misoomawwan hawaasummaafi dinagdee biyyaattif faayidaa kan qaban raaga haala qilleensaa yeroo gabaabaa fi dheeraa yeroosaa eeggatee dhiyeessuun gaheesaa ba'achaa jira. Odeeffannoon kunneen keessattuu dameelee Qonnaafi misooma jallisiif, Bulchiinsa qabeenya bishaaniif, hir’ina sodaa balaatiif,Aviyeeshinii fi geejibaatiif ,Barnootaafi fayyaaf gaggeesuuf murteessaa ta’uusaanii ibsaniiru. Akkasumas,odeeffannoo haala qilleensaa yeroosaa eeggatee fi amansiisaa ta'e uummataafi qooda fudhattootaaf dhiyeessuun misoomaa fi guddina biyyaatiif murteessaa ta'uu isaafi hojiin kun cimee kan ittifufu ta'uu ibsaniiru. odeeffannoo raaga haala qilleensaa yeroodhaan dhiyeessuun qophii fi deebii sirrii kennuuf kan gargaaruudhas jedhan. Qooda fudhattoonnis odeeffannoo kanatti fayyadamanii tarkaanfii qophiitiif akka itti fayyadaman waamicha dhiyeessaniiru. Gara biraatiin, raaga haala qilleensa Bonaa kan dhiyeessan Itti Aanaa Daarektara Inistitiyuutichaa Dr.Asaamminnoo Tashoomaa akka ibsanitti,Bona dhufu kanatti naannowwan horsiise bulaatti haalli qilleensaa misooma qonnaatiif mijaawaa ta'ee fi roobni gaariin akka jiraatu ibsaniiru. Naannoowwan kunniin rooba kana jalqaba baatii Onkololeessaatii jalqabanii kan argatan ta'uun ibsameera. See less
Gabaasa addaa
Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti - Itti aanaa Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa
Jun 9, 2026 22397
Waxabajji 2 /2018 (ENA): Itiyoophiyaan liqaa ishee hurgufachaa,abdii ishee horachaa gara fuula duraatti tarkaanfachaa jirti jedhani itti aanaan Ministira Muummee obbo Tamasgeen Xurunaa. Itti aanaan muummee ministiraa Pirojektoota misoomaa adda addaa magaalaa Woldiyaatti ijaaraman eebbisuun tajaajilaaf bananiiru. Yeroo eebba kanaatti pirojektoonni misoomaa eebbifaman imala biyyattiin gara fuulduraatti taasiftu kan agarsiisan yoo ta’u, guddinni Itiyoophiyaa eenyullee dhaabuu akka hin dandeenye kuni ragaadha jedhan. Itti aanaan ministira muummee kun ummanni magaalaa Woldiyaa finxaaleyyii fi qoqqoodinsa mormuudhaan kan beekamu ta’uu ibsuun, filannoon isaanii irra deddeebiin nagaa fi mootummaa cimaa ta’uu isaa kan argisiisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan baandota irratti qabsaa’aa jira jedhani. Waggoota 50 fi 60 darbaniif warri yaada dulloomaatiin qabaman guddina ariifataa biyyattii hubachuu akka hin dandeenyes ibsaniiru. Warri bosona keessa jiran jijjiirama guddaa biyyatti dhufe kan akka misooma koridarii, maaddii guutuu, pirojektoota misoomaa fi oomisha qamadii arguu akka hin dandeenye dubbataniiru. Misoomni koridarii magaalota keessatti gaggeeffamaa jiru dhimma bareedinaa qofa osoo hin taane magaalota ammayyeessuun sadarkaa jireenyaa ummataa ol kaasuuf kaayyoo ta’uu ibsaniiru. Magaalonni Itiyoophiyaa magaalota Baha Afriikaa fi addunyaa waliin dorgomuu akka qaban ibsaniiru; akkasumas tajaajila ammayyeessuuf tajaajilli giddugala tokkoo guutuu biyyattiitti babal’achaa akka jiru hubachiisaniiru. Manneen kitaabaa ummataa, manneen kitaabaa dijitaalaa fi kaffeewwan saayinsii magaalaa Woldiyaatti ijaaraman odeeffannoo guyyaa guyyaa irraa gara beekumsaa fi qorannoo gadi fagootti kan ceesisu ta’uu ibsaniiru. Mootummaan, abbootii qabeenyaa fi ummanni pirojektoota misoomaa eegalaman gara baadiyyaatti babal’isuun badhaadhina biyyattii dhugoomsuuf waliin hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessaniiru.
Yaa’ichi dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuudha
May 6, 2026 19278
Ebla 28/2018 (ENA)- Kaayyoon guddaan yaa’ii dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa Afriikaa (ASMIS) dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cimaa uumuudhaan dhimmoota Afrikaarratti sagalee tokko dhageessisuun akka danda’amu carraa uumuu akka ta’e qindeessaan Palsi oof Afriikaa(POA) obbo Barakat Sisaayi ibsan. Ajandaawwan Afriikaa qabsiisuu fi sagalee waloo dhageessisuuf carraa kan uumu ta’uu dabalanii ibsaniiru. Palsi oof Afriikaan (Pulse of Africa-POA) intarpiraayizii teknolojii E.ji.e waliin ta’uun mata duree “dhiibbaa uumtonni Afriikaa fooyyee qabduuf” jedhuun yaa’iin qophaa’u kun, Ebla 29 fi 30 2018 Finfinnee yaadannoo injifannoo Adwaatti ni gaggeeffama. Yaa’iin kun dhiibbaa uumtota miidiyaa hawaasaa jajjabeessuuf, dinagdee dijitaalaa cimsuuf, tumsa uumuu fi wiirtuu dijitaalaa gochuuf kan kaayyeffateha. Qopheessitoonni yaa’ii kanaa, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa Itiyoophiyaa yeroo yaa’ii kanaa maqaa gaarii biyyasaanii guddisuu fi tumsasaanii cimsuun haala danda’amurratti ibsa kennaniiru. Qindeessaan Palsi oof Afriikaa obbo Barakat Sisaayi wayita kana akka jedhanitti, Palsi Oof Afriikaan seenessa Afriikaa jallate jijjiiruuf kan hundeeffame miidiyaa Paan Afriikaati. Yaa’iin kun intarpiraayizii teeknooloojii E.ji.e waliin ta’uun qophaa’uusaa eeranii, qajeelfama “seenessa Afriikaa namoota keenyaan dubbachuu qabna” kan jedhu akka bu’uureffate ibsaniiru. Kaayyoon ijoo yaa’ii kanaas dhiibbaa uumtota jidduutti tumsa cumaa uumuun dhimmoota Afriikaarratti sagalee waloo dhageessisuuf carraa uumuu akka ta’e dubbataniiru. Ajandaan gamtaa Afriikaa 2063 karoora wagga 50 Afriikaan ittiin gaggeeffamtu ta’uu eeranii, ummattoota jidduutti walii galtee uumuuf dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waloomaan akka hojjetan carraa uumuuf waltajjichi faayidaa akka qabu ibsaniiru. Kanaaf yaa’iin kun Afriikonni galmoota ajandaasaanii milkeessuuf waltajjii waloon hojjetan ta’a jedhaniiru. Miidiyaan dijitaalaa waltajjii guddaa kan dinagdee sochoosudha kan jedhan obbo Barakat, dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa karaa faayidaa qabuun akka itti fayyadaman hubannoo waloo uumuu akka barbaachisu hubachiisaniiru. Hojii raawwachiisaan intarpiraayizii E.ji.e obbo Gammadaa olaanaa gamasaaniin, yaa’iin kun maqaa gaarii Itiyoophiyaa akkasumas Afriikaa guddisuuf waltajjii murteessaa ta’uu dubbataniiru. Dhiibbaa uumtonni miidiyaa hawaasaa waa’ee qabiyyee uumuu, wa’ee ijaarsa seenessa Afriikaa fi waa’ee galmoota ajandaa 2063 ejjennoo ifaa akka qabatan godha jedhaniiru. Dhiibbaa uumtonni yaa’ii kanaaf biyyoota Afriikaa garagaraarraa filataman, qaqqabama miidiyaa hawaasaatiin qabanii fi maqaa gaarii Afriikaa guddisuuf gumaacha qabaniin madaalamanii kan filataman ta’uu mirkaneessaniiru.