ENA - ENA Afaan Oromoo
Angafoota Oduu
Naannoo Oromiyaa midhaan bakkeewwan gammoojjii fi badda dareetti walitti qabuuf qaqqaban yeroon walitti qabuun qisaasarraa oolchuuf qophiin taasifameera
Oct 21, 2025 3
Onkoloolessa 11/2018(TOI)- Midhaan bakkeewwan gammoojjii fi badda dareetti walitti qabuuf qaqqaban yeroon walitti qabuun qisaasarraa oolchuuf qophiin taasifamuusaa biiroon qonnaa Oromiyaa ibse. Itti aanaan hoogganaa biirichaa obbo Bariisoo Fayyisaa TOI’f akka ibsanitti, oomishaa fi oomishtummaa naannichaa guddisuun wabii nyaataa sadarkaa maatiitti mirkaneessuu fi sirna nyaataa dhugoomsuuf xiyyeeffatamee hojjetamaa jira. Haala Kanaan oomisha gannaa bara 2017/18 lafti heektaara miiliyoona 10 caalu misoomuun kana keessaa heektaarri miiliyoona 3 tuqaa 1 Qamadii ta’uu dubbataniiru. Hojii kana milkeessuuf qophii oyiruu irraa eegalee amma kunuunsa midhaaniitti ogeeyyotaan deeggarsii fi hordoffiin taasifamaa jiraachuu eeraniiru. Keessumaa to’annoon ilbiisaa fi dhukkuba keelloo Qamadiirraa ittisuun qindoominaan hojjetamaa jiraachuu eeraniiru. Midhaan bakkeewwan gammoojjii fi badda dareetti walitti qabuuf qaqqabaa jiru yeroon walitti qabuun qisaasarraa oolchuuf qophiin taasifamuu dubbataniiru. Qisaasa midhaanii hir’isuuf kombaayina dabalatee humna namaa bifa qindaa’een hirmaachisuuf ogeeyyonni qonnaa deeggarsa gochaa jiru jedhaniiru. Keessumaa rooba yeroo malee roobuun midhaan akka hin miidhamne midhaan walitti qabuuf qaqqabe dafanii kaasuuf kombaayinarri dhiheessuuf qophiin taasifamaa jiraachuu eeraniiru. Bakkeewwan mekaanaayizeeshiniif mijataa hin taanetti maatii fi daboodhaan yeroon akka walitti qabamu tumsi itti fufa jedhaniiru.
Naannoo Harariitti hojiiwwan Fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessan cimsuun itti fufiisuu qabna
Oct 21, 2025 15
Onkoloolessa 11/2018(TOI)-Naannoo Harariitti hojiiwwan Fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessaa jiran qindoominaan cimsuun itti fufiisuu qabna jechuun ibsan Bulchaan Naannichaa Ordiin Badrii. Koreen raawwachiiftuu naannichaa waltajjii gamaggama raawwii hojii kurmaana 1ffaa bara 2018 gaggeesaa jiru. Waltajjicha kan saaqan Bulchan Naannichaa Ordiin Badrii akka jedhanitti, naannichatti baatiiwwan sadan darbanitti damee hundaan bu’aan jajjabeessan galmaa’eera. Keessumaa hojiin misooma fayyadamummaa Jiraattota Magaalaa fi baaddiyaa mirkaneessan bal’inaan raawatamuusaanii dubbataniiru. Bu’aawwan kana caalaatti itti fufusiisuuf hojii qindoominaa cimsuun itti fufsiisuu qabna kan jedhan bulchaan kun, kanaafis waltajjiin gamaggamaa murteesa ta’uu dubbataniiru. “Waltajjichi hojiiwwan jajjabeefaman cimsanii itti fuufsiisuu fi hanqinoota argaman immoo furuuf caarraa uuma ” jedhaniiru. Dhaabbileen hojii hojjetaniin hawaasicha hagam fayyadamoo taassisaniiru kan jedhu gamaggamichaan dhimma xiyyeeffannoon addaa itti kennamu ta’uu eeraniiru. Waltajjii gamaggamaa Kanaarratti baajata naanichaa kan kurmaana jalqabaa bara 2018 baajata pirojektii kaappitaalaa, faayinaansii fi raawwii hojii biroo gabaasni agarsiisu dhihaatee mariin ni gaggeeffama jedhamee eeggama. Waltajjii gamaggamaa kanarratti hoggantoonni Nannoo irraa hanga Aanaa Jiranii fi ogeeyyiin hirmaachaa jiru.
Mootummaan Hojii Nagenyaa Misoomaa Waliin Wal-qabsiisee raawwachuun Badhaadhina Mirkaneessuuf Hojjii hojjetu ittifufa- Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Oct 21, 2025 15
Onkoloolessa 11/2018(TOI)-Mootummaan Hojii Nagenyaa Misoomaa Waliin Wal-qabsiisee raawwachuun Badhaadhina Mirkaneessuuf Hojjii itti jiru cimsee akka itti fufu Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Hoggantoota durii fi amma hojiirra jiran waliin marii’ataniiru. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad nageenyi bu’uuura misoomaa ta’uu amanuun nageenyi akka bu’uuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Nageenyi amma dhufutti caallisnee hin teenyu naheenyi hanga dhufutti ni misoomsina, filannoon keenya nageenya cimsaa misoomsaa itti fufuudha jechuun dubbataniiru. Harka tokkoon nageenya eegsisaa isa biroon misoomsuu yoo hin dandeenye nageenya hawwinu cimsuu fi fiduu hin dandeenyu jedhaniiru. Nageenyi misoomaan ala hin cimu kan jedhan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad, lammiin hundi misooma biyyasaaf akka tumsu waamicha dhiheessaniiru. Gama kanaan dilbii naannichaa baasnee yeroo fayyadamnuu fi bu’aan hojii keenyaa yeroo itti ida’amu Itiyoophiyaa baay’ee miidhagdee fi badhaate arguu dandeenya jedhaniiru Ministirri Muummee.
Misoomni Godina Baaleetti Mul’ate Badhaadhinni Itiyoophiyaa akka hin oolle kan itti argamedha – Obbo Shimallis Abdiisaa
Oct 21, 2025 17
Onkoloolessa 11/2018(TOI)- Misoomni Godina Baaleetti Argame Badhaadhinni Itiyoophiyaa akka hin oolle kan itti argamedha jechuun ibsan Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa. Obbo Shimallis Abdiisaa naannoo dhokatee fi dagatamee ture bakka dhokatee waan baasaniif Ministira MuummeeDr. Abiyyi Ahimad galateeffataniiru. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad “haasaa soof umar” hoggantoota durii fi Amma hojiirra jiran waliin marii taassisaniiru. Misoomni Godina Baalaeeti argame Badhaadhinni Itiyoophiyaa kan hin oolle ta’uu kan itti argamedha jechuun dubbataniiru. Obbo Shimallis Abdiisaa Godinni Baalee yeroo gabaabaa keessatti jijiiramtee arguusaaniitti kka gammadan maricharratti ibsaniiru. Godinni Baalee osoo hin misoomiin turuusheetti gaabbii akka qaban ibsuun, yeroo ammaa Qonnaan, Turiizimii fi misooma Magaalaan hojiin bal’aan hojjetamaa jiraachuu fi kunis Itiyoophiyaaf humna cimaa akka ta’u kaasaniiru. Naannoon Baalee kan dagatamee fi dhokatte akka ture kan yaadachiisan Obbo Shimallis Abdiisaa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad naannawichi akka jijiiramu kutannoo agarsiisaniif galateeffataniiru. Kunis bakkeewwan naannawichaa biroof bu’uura jabaa kan ta’uu fi hojiiwwan fuulduratti hojjetamaniif humna ta’a jedhaniiru.
Badhaadhina Itiyoophiyaa Mirkaneessuuf Itiyoophiyaanonni Hundi waloon hojjechuu qabu– Ministira MuummeeDr. Abiyyi Ahimad
Oct 21, 2025 24
Onkoloolessa 11/2018(TOI)- Badhaadhina Itiyoophiyaa Mirkaneessuun dhimmaa taattaaffii fi dadhabbii Itiyoophiyaanota hundaa gaafatudha jechuun Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsan. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad “Haasaa soofumar”tti hoggantoota durii fi Amma hojiirra jiran waliin marii taassisaniiru. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad biyyi dhaloota tokkoon hin hojjetamtu dhaloonni tokko eegalee kan xumuru miti jedhaniiru. Adduyaa kamirraayyuu kan jiru biyyi kan ijaaramtu walitti daddabarsuuni kan jedhan Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad dhaloonni eenyummaasaanii kaleessaa, jireenyasaanii har’aa fi booru bu’aa walooti jechuun ibsaniiru. Eenyuummaa guutuu dhalootaa sirnaan hubachuuf gahumsa biyya ijaaruu fi yaadama akka bal’isus dubbataniiru. Walharkaa fuudhinsa dhalotaa kana keessatti biyyi ni ijaaramti kan jedhan Ministirri Muummee hunduu yeroo jiraatu keessatti biyyasaaf waan gaarii hawwuurra darbee tattaafachuu, dadhabuu fi hojjechuu akka qabu hubachiisaniiru. Badhaadhinni dadhabbii fi hojiin ala hin dhufu, bu’aas arguun hin danda’amu jedhan Ministirri Muummee. Itiyophiyaanonni hundi badhaadhina abjoonnu fiduuf ciminaan hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.
Siyaasa

Galmoota qaala’insa jireenyaa tasgabbeessuuf, carraa hojii uumuu fi irkattummaa jalaa bahuu qabaman milkeessuuf qindoomminni dhaabbilee qooda fudhattootaa cimuu qaba
Oct 20, 2025 134
Onkoloolessa 10/2018 (TOI)-Galmoota qaala’insa jireenyaa tasgabbeessuuf, carraa hojii uumuu fi irkattummaa jalaa bahuuf qabaman milkeessuuf qindoomminni dhaabbilee qooda fudhattootaa cimuu akka qabu sadarkaa itti aanaa ministira muummeetti hoogganaan jiddu gala qindeessaa ijaarsa sirna demokiraasii fi itti aanaan pirezidaantii paartii badhaadhinaa Adam Faaraah ibsan. Waltajjiin gamaaggama raawwii kurmaana waggaa paartii badhaadhinaa bara bajataa 2018 har’as itti fufeera. Waltajjii Kanaan raawwii hojiilee mootummaa irratti mariin gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’u galmoonni carraa hojii uumuuf, qaala’insa jireenyaa hir’isuuf hojjetamanii fi bu’aaleen argaman akkasumas irkattummaa jalaa bahuuf qabaman ajandaa marii dhihaatanidha. Sadarkaa itti aanaa ministira muummeetti hoogganaan jiddu gala qindeessaa ijaarsa sirna demokiraasii fi itti aanaan pirezidaantii paartii badhaadhinaa Adam Faaraah akka jedhanitti, ajandaawwan qaala’insa jireenyaa tasgabbeessuu fi carraa hojii uumuun xiyyeeffannoo guddaa kan barbaadanidha. Irkattummaa jalaa bahuun birmadummaa guutuu mirkaneessuuf murteessaa ta’uu ibsanii, Bifa qindaa’een dhimmicharratti hojjechuun akka barbaachisu cimsanii kaasaniiru. Galmoota biyyaalessaa sadan karaa guutuu ta’een milkeessuuf qindoominni dhaabbilee qooda fudhattootaa cimuu akka qabu hubachiisaniiru. Akka biyyaatti raawwiin jiru bu’aan argamuu eeranii, garaagarummaa raawwii bakkaa bakkatti jiru dhiphisuuf hojechuun akka barbaachisu dubbataniiru. Damee Kanaan bu’a qabeessummaa guddisuuf waloomaan karoorsuu fi raawwii ammoo waloomaa gamaaggamaa deemuun akka barbaachisu cimsanii kaasaniiru.
Gaggeessummaan Bu’a qabeessi Itiyoophiyaatti hojiirra oole hojiileen fayyadama ummataa guddisan akka hojjetaman godheera-Obbo Adam Faaraah
Oct 19, 2025 346
Onkoloolessa 9/2018(TOI)- Gaggeessummaan Bu’a qabeessi Itiyoophiyaatti hojiirra oole hojiileen milkaa’oon fayyadama ummataa guddisan akka hojjetaman gochuusaa sadarkaa itti aanaa ministira muummeetti hoogganaan jiddugala qindeessaa ijaarsa sirna demokiraasii fi itti aanaan pirezidaantii paartii badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah ibsan. Paartiin badhaadhinaa waltajjii gamaaggamaa hojiilee paartii fi sosochii ummataa kurmaana wagga bara bajataa 2018 irratti xiyyeeffate gaggeessaa jira. Hooggantoonni paartichaa waltajjicharratti hiraachaa kan jiran yoo ta’u raawwiin dame dameen dhihaatee mari’atamaa jira. Sadarkaa itti aanaa ministira muummeetti hoogganaan jiddugala qindeessaa ijaarsa sirna demokiraasii fi itti aanaan pirezidaantii paartii badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah wayita kana akka jedhanitti, gaggeessummaan bu’a qabeessi paartichi taasise hojiileen bu’a qabeessi ummata fayyadan akka hojjetaman godheera. Pirojektoonni gurguddoon faayidaa biyyaalessaa qaba eebbifamuusaanii eeranii gama hundaanuu bu’aaleen jajjabeessoon argamuusaanii kaasaniiru. Paartiin, ummannii fi dameen dhuunfaa qindaa’anii ida’amuu jiddugaleessa gochuun qabeenyi biyyi qabdu hojiirra akka oolan godhamuunsaa sababoota milkaa’inni akka argamu taasisan keessa ta’uu ibsaniiru. Adeemsa hojiirra oolmaa hordofuun hojiileen dilbii fi qabeenya bakka garagaraa jiran irratti hundaa’an hojjetamaniiru kan jedhan obbo Adam Faaraah, aadaan qormaata gara carraatti jijjiiru guddachaa dhufuu dubbataniiru. Bara bajataa kanas milkaa’inoota argaman itti fufsiisuuf xiyyeeffatamee akka hojjetamu dubbataniiru. Waltajjiin gamaaggamaa har’aas raawwii dhimmoota waliin karoorfaman gamaaggamuu fi hojiilee itti aanan dhimmoota tumsa gaafatan adda baasuun kallattii kaa’uuf kan akeekame ta’uu ibsaniiru. Waltajjiin gamaaggamaa kun naannolee jidduu muuxannoo qooduun akka jiraatu gochuun raawwiin walfakkaatu akka jiraatu gochuuf faayidaa guddaa akka qabu dubbataniiru.
Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee gaggeessaa biyyaalessaa reeffa ministira muummee Keeniyaa duraanii Raayilaa Odiingaa irratti argaman
Oct 17, 2025 447
Onkoloolessa 7/2018 (TOI)-Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee gaggeessaa biyyaalessa reeffa ministira muummee Keeniyaa duraanii Raayilaa Odiingaa irratti argaman. Pirezidaant Taayyee Atsqasillaasee buufata Xiyyaaraa idil addunyaa Keeniyaa Joomoo Keeniyaataa wayita gahan ministira dhimma alaa Keeniyaatti daarektar jeneraaliin dhimmoota Afriikaa ambaasaaddar Uburuu Deeniis, barreessaan kaabinee ministeera dhimma alaa Keeniyaa Adin Du’allee, barreessaan Kaabinee ministeera barnootaa Keeniyaa Juliiyes Ogambaa, Keeniyaatti ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Baacaa Dabalee fi dippilomaatonni embaasii Itiyoophiyaa Keeniyaatti argamuu simataniiru. Gaggeessaan biyyaalessaa reeffa ministira muummee Keeniyaa duraanii Raayilaa Odiingaa Naayiroobii Istaadiyeemii biyyaalessaa Ninaayootti gaggeeffamaa kan jiru yoo ta’u, hoggantoonni biyyoota garagaraa sirnicharratti argamaniiru. Awwaalchi Odiingaa Dilbata Onkoloolessa 9 bara 2018 bakka dhalootasaanii Boondootti akka raawwatamusagantaan bahe nimul’isa. Raayilaa Odiingaa Hinditti waldhaanamaa turanii torbee kana keessa waggaa 80tti lubbuunsaanii darbuun niyaadatama.
Faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa kabachiisuu fi seenessa waloo ijaaruuf hojiilee hojjetamaniin itti gaafatama ogummaa keenyaa nibaana
Oct 17, 2025 357
Onkoloolessa 7/2018 (TOI)- Faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa kabachiisuu fi seenessa waloo ijaaruuf hojiilee hojjetamaniin itti gaafatama ogummaa ga’umsaan akka bahatan hooggantoonnii fi hojjettoonni Tajaajila duu Itiyoophiyaa waadaa galuun mirkaneessan. Hooggantoonnii fi hojjettoonni Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa mata duree “faayidaa biyyaalessaa fi dhaabbii Ji’oostiraateejii” jedhurratti mari’ataniiru. Hojii raawwachiisaan olaanaa Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa Seyifee Darribee akka jedhanitti, gaazexessoonni mata dureewwan faayidaa biyyaalessaa eegsisuu fi tokkummaa sabdaneessummaa cimsuuf dandeessisanirratti hojjechuu qabu. Hojiiwwan seenessa waloo ijaaruu fi badhaadhina biyyaa mirkaneessuuf gargaaran hojjechuun ittigaafatama ogummaa bahuun akka isaan irraa eegamu dubbataniiru. Hidhi haaromsaa Itiyoophiyaa guddichi xumuramuunsaa seenesa duraanii jijjiiruu akka dandeessise kaasanii, pirojektoonni toora Itiyoophiyaa boruu jijjiiran hojjetamaa akka jiran ibsaniiru. Itiyoophiyaan ummata hedduu fi dinagdee guddaa qabaattus Ulaa galaanaa akka hinqabne kaasanii, ogeeyyonni sabquunnamtii Tattaaffii Itiyoophiyaan Ulaa galaanaa argachuuf ittigaafatama ogummaasaanii gahumsaan akka bahan ibsaniiru. Hojjettoonni Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa dhageettii fi dandeettii dhiibbaa geessisuu Itiyoophiyaan qabdu mirkaneessuuf lammummaan gamatti ittigaafatama ogummaa akka qaban ibsaniiru. Itti aanaan hojii raawwachiisaa olaanaa tajaajila oduu Itiyoophiyaa Nagaasii Ambaayee, barreeffama maree wayita dhiheessan akka ibsanitti, bara dhugaan boodaatti badhaadhina biyyaa mirkaneessuuf sadarkaa yeroo madaaluun itti gaafatama ogummaa sirriitti bahachuun nibarbaachisa. Faayidaan biyyaalessaa dhimma jiraachuu biyyaa, nageenyaa fibadhaadhinaa ta’uu eeranii, dhaabbiin faayidaa biyyaalessaa fi ji’oostiraatejikaawii ajandaa ummataa fi dhalootaa gochuuf qooda keenya bahuu qabna jedhaniiru. Itiyoophiyaan boqonnaa bayyanachuurra kan jirtuu fi pirojektoota gurguddoo raawwachaa jiraachuushee kan kaasan ammoo itti aanaa hojii raawwachiisaa olaanaa Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa Tafarraa Baqqalaati. Hojiilee faayidaa biyyaalessaa mirkaneessan hojjechuun miidiyaaleerraa kan eegamu ta’uus kaasaniiru. Hojjettoon TOI gamasaaniin, hojiileen misoomaa Itiyoophiyaa keessatti ijaaramaa jiran akka milkaa’anii fi seenessa waloo ijaaruuf qoodasaanii cimsanii akka itti fufan dubbataniiru. Faayidaa biyyaalessaa Itiyoophiyaa kabachiisuu fi seenessa waloo ijaaruuf tattaaffii taasifamu keessatti itti gaafatama ogummaasaanii cimsanii akka itti fufan mirkaneessaniiru.
Tattaaffiin Itiyoophiyaan Ulaa galaanaa argachuuf itti jirtu dubduubee seenaa fi ulaagaa seerota idil addunyaatiin fudhatama kan qabuu fi amansiisaadha
Oct 17, 2025 389
Onkoloolessa 7/2018(TOI)-Tattaaffiin Itiyoophiyaan Ulaa galaanaa argachuuf itti jirtu dubduubee seenaa, sanadoota seera qabeessa, teessuma lafaa fi ulaagaa seerota idil addunyaatiin fudhatama kan qabuu fi amansiisaa ta’uu barsiisaan ogummaa hooggansaa fi hariiroo idil addunyaa Dr. Geetiyyee Tirfee ibsaniiru. Gaaffiin ulaa galaanaa kan qananii osoo hintaane dhimma jiraachuu ta’uu Yuunivarsiitii Yuunitiitti barsiisaan ogummaa hooggansaa fi hariiroo idil addunyaa Dr. Geetiyyee Tirfee TOI’f ibsaniiru. Tattaaffiin Itiyoophiyaan Ulaa galaanaa argachuuf itti jirtu dubduubee seenaa, sanadoota seera qabeessa, teessuma lafaa fi ulaagaa seerota idil addunyaatiin fudhatama kan qabuu fi amansiisaa ta’uu cimsanii kaasaniiru. Adeemsa amma ammaatti jiruun ulaagaalee hedduutiin fudhatama idil addunyaa akka qabu hubachuusaanii ibsaniiru. Bu’a qabeessummaasaaf Itiyoophiyaan bu’ura seeraa qabdu, seena qabeessummaa fi ragaan sanadaa qabdutti fayyadamuun mala olaantummaa dippilomaasii karaa nageenyaatiin tattaaffii itti jirtu cimsuun akka irraa eegamu gorsaniiru. Kanaaf ammoo waanti gargaaru ejjennoonshee sirrii ta’uu biyyoota ollaa, gamtaa Afriikaa, IGAD, dhaabbilee idil addunyaa fi biyyoota dhiibbaa uuman kan guddina waloo deeggaraniif amma barbaadamu hubachiisuu ta’uu hubachiisaniiru. Ulaan galaanaa guddina hunda galeessa fooyya’aaf ijoo ta’uu hubachiisanii, Ulaa galaanaa karaa seeraan alaa fi fedhii ummataan alatti dhabde argachuu akka qabdu dubbataniiru.
Gamtaan Afriikaa fi mootummoonni gamtoomanii tumsa waloo agama nagaa fi tasgabbiin qaban cimsuuf kutannoosaanii ibsan
Oct 17, 2025 339
Onkoloolessa 7 /2018 (TOI)- Gamtaan Afriikaa fi mootummoonni gamtoomanii tumsa agama nagaa fi tasgabbiin qaban cimsuuf kutannoon akka hojjetan beeksisan. Dura taa’aan komishinii gamtaa Afriikaa Mahaammud Alii Yuusuuf miseensota mana maree nageenyaa mootummoota gamtoomanii teessoo muummee gamtichaa Finfinneetti dubbisaniiru. Dura taa’ichi tasgabbii, nageenyaa fi misooma dabalatee dameelee xiyyeeffannoo gamtaa Afriikaa ilaalchisuun miseensota mana marichaaf ibsaniiru. Tumsi gamtaa Afriikaa fi mana maree nageenyaa Dh.M.G Afriikaa karaa hammattoo biyyoota Afriikaa bakka bu’uun mana maree nageenyaa Dh.M.G miseensa jjjiiramaa ta’uun tajaajilaa jiranii (A3) cimsuun akka barbaachisu dubbataniiru. Afriikaan mana maree kana keessatti bakka bu’ummaa dhaabbataa argachuu akka qabdu cimsanii dubbataniiru. Manni maree nageenyaa ergamoota nagaa kabachiisuu Afriikaan durfamu ilaalchisee yaada murtoo raggaase lakk. 2719 eeruun hojiin naggaa kabachiisuu tasgabbii fulla’aa Afriikaaf guddaa murteessaa akka ta’e dubbataniiru. Miseensonni mana maree tasgabbii gaggeessummaa gamtaa Afriikaa dinqisiifateera. Miseensonni gamtaan Afriikaa fi tasgabbii, nageenyaa fi misooma fulla’aa mootummoota gamtoomanii dabalatee ajandaawwan Afriikaa kan waloo ta’an irratti tumsa qaban cimsuuf kutannoo qaban ibsuusaanii odeeffannoon TOI’n gamticharraa argate nimul’isa. Manni maree nageenyaa fi tasgabbii gamtaa Afriikaa fi manni maree nageenyaa mootummoota gamtoomanii marii waloo kaleessa Finfinneetti kan eegalan yoo ta’u mareen kun har’as itti fufa.
Galmoonni misoomaa biyyaalessaa akka galmaa’an qoodasaanii akka cimsan dargaggoonni dubbatan
Oct 16, 2025 426
Onkoloolessa 6/2018(TOI)-Galmoonni misoomaa biyyaalessaa akka galmaa’an qoodasaanii akka cimsan dargaggoonni dubbatan Leenjiin gabbisa dandeettii miseensota damee dargaggootaa fi dubartootaaf Paartii badhaadhinaatti waajjirri damee Dirreedawaa qopheesse xumurameera. Dargaggoonni leenjii mata duree “Ijaarsi dhaloota ida’amuu guddummaa Itiyoophiyaa” jedhuun kenname irratti hirmaatan akka jedhanitti, pirojektoota gurguddoo akka biyyaatti eegalaman dhugoomsuuf hojii hojjetamu keessatti qoodasaanii bahachaa jiru. Hirmaattota leenjichaa yaada kennan keessaa dargaggoo Ramadaan Dastaa akka jedhetti, hojiileen misoomaa fi bulchiinsa gaarii Dirree Dawaatti eegalaman akka milkaa’an qoodasaa bahaa akka jiru ibseera. Beekumsaa fi humna qabduun badhaadhinni biyyaa akka mirkanaa’u qoodashee bahaa akka jirtu kan ibsite ammoo shamarree Tsiyoon Wubisheeti. Pirojektoonni biyyaalessaa akkaataa karoorfameen akka milkaa’an nagaan jiraachuun bu’ura waan ta’eef hojiirra oolmaa isaaf hirmaannaan dargaggootaa murteessaa ta’uu eerteetti. Dargaggii Ibsaa Ahimad gamasaan, pirojektoonni biyyaalessaa gurguddoon eegalaman sadarkaa sadarkaan fayyadama misoomaa dargaggootaa akka guddisan dubbateera. Paartii badhaadhinaatti itti aanaan hoogganaa waajjira damee Dirree Dawaa obbo Shaakir Ahimad, dargaggoon hirmaannaa misooma biyyaarratti qabu guddisuuf bulchiinsichi deeggarsa walirraa hincinne taasisa jedhaniiru. Biyyi akka misoomtu nageenyi bu’ura waan ta’eef dargaggoon mootummaa waliin qindaa’uun caalaatti hojjechuu qaba jedhaniiru.

Hawaasummaa
Mootummaan Hojii Nagenyaa Misoomaa Waliin Wal-qabsiisee raawwachuun Badhaadhina Mirkaneessuuf Hojjii hojjetu ittifufa- Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad
Oct 21, 2025 15
Onkoloolessa 11/2018(TOI)-Mootummaan Hojii Nagenyaa Misoomaa Waliin Wal-qabsiisee raawwachuun Badhaadhina Mirkaneessuuf Hojjii itti jiru cimsee akka itti fufu Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad ibsan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Hoggantoota durii fi amma hojiirra jiran waliin marii’ataniiru. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad nageenyi bu’uuura misoomaa ta’uu amanuun nageenyi akka bu’uuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru. Nageenyi amma dhufutti caallisnee hin teenyu naheenyi hanga dhufutti ni misoomsina, filannoon keenya nageenya cimsaa misoomsaa itti fufuudha jechuun dubbataniiru. Harka tokkoon nageenya eegsisaa isa biroon misoomsuu yoo hin dandeenye nageenya hawwinu cimsuu fi fiduu hin dandeenyu jedhaniiru. Nageenyi misoomaan ala hin cimu kan jedhan Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad, lammiin hundi misooma biyyasaaf akka tumsu waamicha dhiheessaniiru. Gama kanaan dilbii naannichaa baasnee yeroo fayyadamnuu fi bu’aan hojii keenyaa yeroo itti ida’amu Itiyoophiyaa baay’ee miidhagdee fi badhaate arguu dandeenya jedhaniiru Ministirri Muummee.
Sirni gaggeessaa reeffaa dursaa Muftii Hajjii Umar Idriis Pirezidaantii FDRI Taayyee Atsqa Sillaasee bakka argamanitti galma barkumeetti gaggeeffamaa jira
Oct 20, 2025 156
Onkoloolessa 10/2018(TOI)-Sirni gaggeessaa reeffaa dursaa Muftii Hajjii Umar Idriis Pirezidaantii FDRI Taayyee Atsqasillaasee bakka argamanitti galma barkumeetti gaggeeffamaa jira. Sirna gaggeessa galma Barkumeetti raawwatamaa jirurratti Pirezidaantii FDRI Taayyee Atsqa Sillaasee dabalatee, pirezidaantiin Mana maree waliigalaa dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa Sheeh Hajii Ibraahim Tufaa, Mana Amantaa Ortoodooksii Itiyoophiyaa Paatiraarikii bitsuh weqidus Abuunemaatiyaas, Ministirri Nageenyaa Mahaammad Idiriis, Ministirri Gorsaa Ministira Muummee dhimma Hawaasummaa Mu’aaze Xibebaat Daaqon Daani’eel Kibrat, Qondaaltonni mootummaa olaanoo fi Abbootiin Amantaa akkasumas hawaasni Musiliimaa hedduun argamaniiru. Reeffi Pirezidaantii mana maree waliigalaa dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa duraanii dursaan Muftii Hajjii Umaar Idriis Masjiida Nuur piyaassaatti argamutti sagantaa kadhannaa fi sirni gaggeessaa taassifamuun ni beekama. Reeffii dursaan Muftii Hajjii Umaar Idriis masjiida Nuur waggaa 40 keessatti barsiisaniitti kadhannaan solaatel Janaazaa kadhatameera. Sirni gaaggeessaa reeffaa Galma barkumeetti raawwatamu yeroo xumuramu sirni Awwaalchaa ni taassifama.
Naannichatti qulqullina barnootaa eegsisuuf kan gargaaran galtee guutuu fi sadarkaa manneen barnootaa fooyyessuun bal’inaan raawwatamaa jira
Oct 20, 2025 85
Onkoloolessa 10/2018(TOI)-Naannoo Oromiyaatti qulqullina barnootaa eegsisuuf kan gargaaran galtee guutuu fi sadarkaa manneen barnootaa fooyyessuun sagantaa barumsi dhalootaaf jedhuun bal’inaan raawwatamaa jiraachuu biiroon barnootaa naannichaa ibse. Hoogganaan Biirichaa Dr.Tolaa Bariisoo TOI’f akka ibsanitti, naannichatti qulqullina barnootaa eegsisuuf dhiheessii galtee fi bu’uuraalee misoomaa guutuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira. Sagantaa Barnoonni dhalootaaf jedhuun Ijaarsi manneen barnootaa Idileen duraa fi sadarkaa 1ffaa baajata mootummaafi hawaasa hirmaachisuun, manneen barnootaa keessattii immoo ibsaa fi bishaan guutuuf hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru. Ijaarsa dhaabbilee barnootaa alattis dhiheessii galtee dhaqabamaa taassisuuf Aanaa fi magaalotatti mana kitaabaa Dijiitaalaa waliin gahuu fi ijaarsa paarkiiwwan ICT ni gaggeeffamu jedhaniiru. Baatiiwwan gannaa kitaabota barnnootaa Miiliyoona 3tti dhihaatan manneen barnootaaf rabsamuusaanii eeruun bara baajataa qabametti kitabota barnootaa miiliyoona 6tti dhihaatu raabsuuf hojjetamaa jira jedhaniiru. Kitaabni barattootaa kun hanqinoota jiran furuuf tattaaffiin taassifamu humna dabalataa akka ta’u ibsuun hojicha itti fuufsiisuun kitaaba manneen barnootaa sadrarkaa 1ffaa raabsuuf qophiin xumuramnuu kaasaniiru. Itti fufun waliin gahiinsa manneen barnootaa idileen duraa mirkaneessuuf tattaaffii taassifamuun qaamolee deeggartootaa fi hirmaannaa hawaasaa cimsuuf ni hojjetama jedhaniiru. #Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa#TOI
Sirni gaggeessaa reeffaa dursaa Muftii Hajjii Umar Idriis gaggeeffamaa jira
Oct 20, 2025 87
Onkoloolessa 10/2018 (TOI)- Sirni gaggeessaa reeffaa dursaa Muftii Hajjii Umar Idriis gara masjiida Nuuritti gaggeeffamaa jira. Sirni gaggeessaa reeffaa gaggeeffamaa kan jiru, mana jireenyaa keessa jiraachaa turan Laanchaa irraa gara Piyaassaa Masjiida Nuuritti. Pirezidaantii mana maree waliigalaa dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa kan turan dursaan Muftii Hajjii Umaar Idriis kaleessa addunyaa kanarraa du’aan boqochuunsaanii nibeekama.
Diinagdee
Naannoo Oromiyaa midhaan bakkeewwan gammoojjii fi badda dareetti walitti qabuuf qaqqaban yeroon walitti qabuun qisaasarraa oolchuuf qophiin taasifameera
Oct 21, 2025 3
Onkoloolessa 11/2018(TOI)- Midhaan bakkeewwan gammoojjii fi badda dareetti walitti qabuuf qaqqaban yeroon walitti qabuun qisaasarraa oolchuuf qophiin taasifamuusaa biiroon qonnaa Oromiyaa ibse. Itti aanaan hoogganaa biirichaa obbo Bariisoo Fayyisaa TOI’f akka ibsanitti, oomishaa fi oomishtummaa naannichaa guddisuun wabii nyaataa sadarkaa maatiitti mirkaneessuu fi sirna nyaataa dhugoomsuuf xiyyeeffatamee hojjetamaa jira. Haala Kanaan oomisha gannaa bara 2017/18 lafti heektaara miiliyoona 10 caalu misoomuun kana keessaa heektaarri miiliyoona 3 tuqaa 1 Qamadii ta’uu dubbataniiru. Hojii kana milkeessuuf qophii oyiruu irraa eegalee amma kunuunsa midhaaniitti ogeeyyotaan deeggarsii fi hordoffiin taasifamaa jiraachuu eeraniiru. Keessumaa to’annoon ilbiisaa fi dhukkuba keelloo Qamadiirraa ittisuun qindoominaan hojjetamaa jiraachuu eeraniiru. Midhaan bakkeewwan gammoojjii fi badda dareetti walitti qabuuf qaqqabaa jiru yeroon walitti qabuun qisaasarraa oolchuuf qophiin taasifamuu dubbataniiru. Qisaasa midhaanii hir’isuuf kombaayina dabalatee humna namaa bifa qindaa’een hirmaachisuuf ogeeyyonni qonnaa deeggarsa gochaa jiru jedhaniiru. Keessumaa rooba yeroo malee roobuun midhaan akka hin miidhamne midhaan walitti qabuuf qaqqabe dafanii kaasuuf kombaayinarri dhiheessuuf qophiin taasifamaa jiraachuu eeraniiru. Bakkeewwan mekaanaayizeeshiniif mijataa hin taanetti maatii fi daboodhaan yeroon akka walitti qabamu tumsi itti fufa jedhaniiru.
Naannoo Harariitti hojiiwwan Fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessan cimsuun itti fufiisuu qabna
Oct 21, 2025 15
Onkoloolessa 11/2018(TOI)-Naannoo Harariitti hojiiwwan Fayyadamummaa hawaasaa mirkaneessaa jiran qindoominaan cimsuun itti fufiisuu qabna jechuun ibsan Bulchaan Naannichaa Ordiin Badrii. Koreen raawwachiiftuu naannichaa waltajjii gamaggama raawwii hojii kurmaana 1ffaa bara 2018 gaggeesaa jiru. Waltajjicha kan saaqan Bulchan Naannichaa Ordiin Badrii akka jedhanitti, naannichatti baatiiwwan sadan darbanitti damee hundaan bu’aan jajjabeessan galmaa’eera. Keessumaa hojiin misooma fayyadamummaa Jiraattota Magaalaa fi baaddiyaa mirkaneessan bal’inaan raawatamuusaanii dubbataniiru. Bu’aawwan kana caalaatti itti fufusiisuuf hojii qindoominaa cimsuun itti fufsiisuu qabna kan jedhan bulchaan kun, kanaafis waltajjiin gamaggamaa murteesa ta’uu dubbataniiru. “Waltajjichi hojiiwwan jajjabeefaman cimsanii itti fuufsiisuu fi hanqinoota argaman immoo furuuf caarraa uuma ” jedhaniiru. Dhaabbileen hojii hojjetaniin hawaasicha hagam fayyadamoo taassisaniiru kan jedhu gamaggamichaan dhimma xiyyeeffannoon addaa itti kennamu ta’uu eeraniiru. Waltajjii gamaggamaa Kanaarratti baajata naanichaa kan kurmaana jalqabaa bara 2018 baajata pirojektii kaappitaalaa, faayinaansii fi raawwii hojii biroo gabaasni agarsiisu dhihaatee mariin ni gaggeeffama jedhamee eeggama. Waltajjii gamaggamaa kanarratti hoggantoonni Nannoo irraa hanga Aanaa Jiranii fi ogeeyyiin hirmaachaa jiru.
Misoomni Godina Baaleetti Mul’ate Badhaadhinni Itiyoophiyaa akka hin oolle kan itti argamedha – Obbo Shimallis Abdiisaa
Oct 21, 2025 17
Onkoloolessa 11/2018(TOI)- Misoomni Godina Baaleetti Argame Badhaadhinni Itiyoophiyaa akka hin oolle kan itti argamedha jechuun ibsan Pirezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa. Obbo Shimallis Abdiisaa naannoo dhokatee fi dagatamee ture bakka dhokatee waan baasaniif Ministira MuummeeDr. Abiyyi Ahimad galateeffataniiru. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad “haasaa soof umar” hoggantoota durii fi Amma hojiirra jiran waliin marii taassisaniiru. Misoomni Godina Baalaeeti argame Badhaadhinni Itiyoophiyaa kan hin oolle ta’uu kan itti argamedha jechuun dubbataniiru. Obbo Shimallis Abdiisaa Godinni Baalee yeroo gabaabaa keessatti jijiiramtee arguusaaniitti kka gammadan maricharratti ibsaniiru. Godinni Baalee osoo hin misoomiin turuusheetti gaabbii akka qaban ibsuun, yeroo ammaa Qonnaan, Turiizimii fi misooma Magaalaan hojiin bal’aan hojjetamaa jiraachuu fi kunis Itiyoophiyaaf humna cimaa akka ta’u kaasaniiru. Naannoon Baalee kan dagatamee fi dhokatte akka ture kan yaadachiisan Obbo Shimallis Abdiisaa Ministira Muummee Dr. Abiyyi Ahimad naannawichi akka jijiiramu kutannoo agarsiisaniif galateeffataniiru. Kunis bakkeewwan naannawichaa biroof bu’uura jabaa kan ta’uu fi hojiiwwan fuulduratti hojjetamaniif humna ta’a jedhaniiru.
Obbo Ahimad Shidee hojii raawwachiisaa olaanaa ‘Afrca’s 50s’ Alaayin Iboobiisee waliin dhimmoota bu’uuraalee Misoomaa diriirsuurratti tumsa qaban cimsuu danda’an irraatti marii’ataniiru
Oct 21, 2025 20
Onkoloolessa 10/2018(TOI)-Ministirri maallaqaa Ahimad shidee hojiiraawwachiisaa olaanaa ‘Afrca’s 50s’ Alaayin Iboobiisee waliin dhimmoota bu’uuraalee Misoomaa faayidaa hedduu qaban diriirsuurratti tumsa qaban cimsuu danda’an irraatti marii’ataniiru. Mariin isaanii kun walgahii waggaa Baankii Addunyaa fi dhaabbata Maallaqaa Addunyaa A.L.A bara 2025 waashingiten Diisiitti gaggeeffamaa jiru cinaatti gaggeeffame. Wayita kana Obbo Ahimad shidee ijaarsi bu’uuraalee Misoomaa Ajandaa duraa biyyittii ta’uu fi qabeenya pirojektoota faayidaa hedduu qaban irra olchuuf akka ta’e kaasaniiru. Faayinaansii Kalaqaa fi bu’uuraalee misoomaa diriirsuuf oolu fedhii bal’aa bu’uuraalee misoomaa diriirsuuf jiru guutuuf bay’ee barbaachisaa ta’uu cimsanii kaasaniiru. Hojii raawwachiisaa olaanaa ‘Afrca’s 50s’ Alaayin Iboobiisee gamasaaniin, Guddinni Dinagdee Itiyoophiyaa fi pirojektoota bu’uuraalee Misoomaa murteessoo walitti hidhaminsa Riijinii saffisiisuu dandeessisan irraatti Mootummaa Itiyoophiyaa waliin dhiheenyaan akka hojjetan mirkaneessaniiru. ‘Afrca’s 50s’ dhaabbata ardii biyyoonni Afriikaa maallaqasaanii ijaarsa bu’uraalee misoomaa guddinasaanii si’achiisuu dandeessisan irratti maallaqa kan gadi lakkisuufidha.
Saayinsii fi teeknooloojii
Bara bajataa kana teeknooloojiiwwan Ismaartii miiliyoona 3 tuqaa 5 caalu maamilootaaf dhiheessuuf qophiin taasifameera-Itiyoo Telekoom
Oct 17, 2025 229
Onkoloolessa 7/2018(TOI)- Bara bajataa kana teeknooloojiiwwan Ismaartii miiliyoona 3 tuqaa 5 caalu maamilootaaf dhiheessuuf qophiin taasifamuu hojii raawwachiiftuu olaantuun Itiyoo Telekoom Firehiywoot Taammiruu ibsan. Itiyoo Telekoom waliin gahiinsa intarneetii Itiyoophiyaatti caalaa guddisuuf tajaajila Ze Nekses jedhu ifatti eegalchiiseera. Hojii raawwachiiftuun dhaabbatichaa Fireehiywoot Taammiruu, Itiyoo-Telekoom ijaarsa dinagdee dijitaalaa Itiyoophiyaa dhugoomsuuf telekoomii fi bu’ura misoomaa dijitaalaaf xiyyeeffannoo kennuusaa dubbataniiru. Waggoottan jahan darban tajaajila neetwoorkii dhaloota afraffaa fi shanaffaa, Kilaawudii, teelee birrii fi Zaman gabayaa dabalatee bu’uraaleen misoomaa hojiirra oolan humna guddaa ta’aa akka jiran eeraniiru. Baay’ina maamilootaa miiliyoona 100’n gahuuf garoorfamuu ibsanii, kana keessaa maamiloonni miiliyoona 69 fayyadamtoota moobaayilii fi Birood band Intarneetii gochuuf tarsiimoon bahee hojiin eegalamuu ibsaniiru. Maamiloonni Itiyoo telekoom miiliyoona 85 tuqaa 9 Itiyoophiyaa kessa akka jiran eeranii, kanneen keessaa miiliyoonni 47 qofti Intarneetii akka fayyadaman beeksisaniiru. Kanaaf ammoo sababoonni garagaraa kan jiran yoo ta’u gatiin meeshaalee Ismaart kana fayyadamuuf oolan mi’aa ta’uu sababa ijoo ta’uu eeraniiru. Itiyoo Telekoom kana yaada keessa galchuun tajaajila Ze Nekses jedhu ifoomsuuibsaniiru. Tajaajila kana qaqqabaa gochuuf bilbiloota moobaayilii teeknooloojii Kilaawud fayyadaman, Laaptooppota, Taableetotaa fi Woorkisteeshinoota gatii madaalawaan gabaaf dhiheessuusaa dubbataniiru. Maamiloonni meeshichatti fayyadaman Kilaawudii Itiyoo Telekoom kallattiin fayyadamuun tajaajila tajaajila akka argatan kan isaan gargaaru ta’uu ibsaniiru. Bara bajataa kana teeknooloojiiwwan Ismaartii miiliyoona 3 tuqaa 5 caalu dhiheessuuf qophiin taasifamuu eeranii, qaqqabummaa Intarneetii kana guddaa fooyyessa jedhan. Yeroo ammaa qonna, tajaajila dijitaal faayinaansii barumsa dabalatee tajaajiloonni mootummaa garagaraa Intarneetiin akka kennaman eeranii, gama Kanaan tajaajilli Ze Nekses hojii eegaluunsaa faayidaa guddaa qaba jedhaniiru. Tajaajilli Ze nekses dhaabbileen akka waldorgoman gochuuf akkasumas tajaajiloota si’ataa fi ammayyaa qaqqabaa akka taasisan qooda olaanaa akka bahu himaniiru.
Afriikaa Hanga Ishee Madaaluun Addunyaatti Beeksisuuf gaheen miidiyaa Pulse of Africa olaanaa dha
Oct 13, 2025 365
Onkoloolessa 3/2018(TOI)-Miidiyaan Pulse Of Africa Paan Afrikaanizimii gadi fageenyaan hubachiisuun bakka muraasa Afriikaan Miidiyaa Idil Addunyaa biratti qabdu akka jijiiiru Qorataan Miidiyaa fi koomunikeeshinii ibsan. Ministirri Muummee Dr. Abiyyi Ahimad Miidiyaa Pulse Of Africa eebbisanii yeroo hojii eegalchiisan Miidiyichi hojii eegaluunsaa waa’ee Afriikaa Faallaan kan dhihaatu qolachuuf akkasumas seenessa mataa keenyaa ofii keenyaan bocuun hojii keenya kan itti hojjennu tarkaanfii barbaachisaadha jechuunsaanii ni yaadatama. Miidiyaan PulseOfAfrica hundeeffamuun tarkaanfii fuuldura ilaluu Ilaaluu ta’uu ibsuun waltajjii Addunyaatti cimaa fi sagalee Afriikaa guddaa dhageessisuuf bu’uura ta’uu yeros ibsuun isaanii ni beekama. Yuunvarsiitii Jimmaa Kutaa Barnootaa Miidiyaa fi Koomunikeeshiniitti barsiisaa fi qorataan Miidiyaa fi Komunikeeshinii Dr.Geetachoo Xilahuun TOI’f akka ibsanitti Hawaasichi sochii Hawasummaan, Dinagdee fi Siyaasaani gama hundaan qabu gabasuuf humnisaa kan jabaatee fi Miidiyaan qaqabsiisuu yoo jirateedha. Gama Kanaan Miidiyaa Pulse Of Africa sochii namummaa akka Ardiitti jiru dammaqinaan gabaasuun hawaasaaf qaqqabsiisuun nurraa eegama jedhaniiru. Dabalataanis Miidiyaa Pulse Of Africa Paan Afriikaanizimii seenessuun Afriikaan Miidiyaa Idil Addunyaa biratti bakka murtaa’aa qabdu guddisuu akka danda’u nan amana jedhaniiru. Hanqina odeeffannoo Afriikaa jiruu fi dogoggoroota jiru sirreessuun qabeyyee gurmaa’ee fi guutuu kennuun miidiyaa dorgomaa fi dhageettii qabu ta’ee argamuun murteessaa ta’uu hubachiisaniiru. Afriikaan Akka biyyoota giddugaleessa Bahaa, Chaayinaa fi biyyoota biroo Miidiyaa dhiibbaa geessisu akka hin qabne eeruun, Miidiyaa Pulse Of Africa hanqinoota kana guutuuf qooda olaanaa qaba jedhaniiru. Kanaafi humna akka Ardiitti jiru, Kennaawwan fi taateewwan dorgomaa taassisuu dandeessisan Addunyaaf beeksisuurratti cimsee akka hojjetu gaafataniiru. Miidiyaa sagalee Afriikaa dhageessisuu danda’u ta’uuf imala qabiyyee kallattii hundaa, odeeffannoo fi carraaqqii walirraa hincinne jabeessuun akka eegamu himaniiru. Miidiyaan Pulse Of Africa akka Ardiitti dhageettii kan dabalan, tokkummaa kan gabbisan dhimmoota waloorratti xiyyeeffatee yoo hojjete dadhabe osoo hinjete, amma barbaadamu kan gumaachuu fi dhiibbaa ni’uuma jedhaniiru. Akka nama Miidiyaatti mul’ata Pulse Of Africa nan dinqisiifadha kan jedhan qorataan kun, akka Ardiitti miidiyaa dhimmoota walitti fidan xiyyeeffannoo addaan hojjetu nubarbaachisa ture, amma Palsi oof Afriikaan banameera jedhan. Itiyoophiyaan Afriikaa walitti fiduun qooda hundeeffama gamtaa Afriikaarratti qabdu sana kaasanii, amma ammoo miidiyaa Afriikaa Ijaartee hojii eegalchiisuunshee kan dinqisiifamu ta’uu cimsanii ibsaniiru. Dhimmoota bu’uraa Industirii miidiyaaf barbaachisan keessaa tokko odeeffannoo ta’uu eeranii, gama miidiyaatiin bakkarraa gabaasuun hojiilee qorannoo hojjechuun, gadi bu’uun haala hawaasaa agarsiisuu danda’uun, dhimmoota biyyoota garagaraa dandeettii ofiinhojjechuu xiyyeeffannoon akka kennamuuf gaafataniiru. Gama biraatiin miidiyaan pulse of Africa bifoonni Ardii addunyaaf akka ifooman Itiyoophiyaan baasii fi dandeettii isheetiin hojii eegalchiisuushee eeranii, mootummoonni biyyoota Afriikaa biroon akka dhimmasaaniitti ilaalaniiodeeffannoo kennuun,taateewwan isaaniirratti affeeramuun, dhimmoota biyyasaanii jiran gabaasuuf akka galan eyyamuun fi tumsa gochuun hojjechuun akka isaanirraa eegamu gorsaniiru. Miidyaan kun dhiibbaalee kan damdamatu, fudhatamaa fi dhageettii akka qabaatu kan isa taasisu dhimmoota gurguddoo dhimmoota Ardii qaban ofdanda’uun gaggeessuu, yaanni kan ittiin ibsamu akka ta’u ajandaa bocee hojjechuun irraa eegama jedhaniiru.
Nageenya Saayibarii eegsisuun dhimma birmadummaa biyyaa ta’uun hubatamuu qaba
Oct 11, 2025 386
Onkoloolessa 1/2018(TOI)-Dhimmi nageenya Saayibarii birmadummaa biyyaan kan wal qabatu ta’uu hubachuun hojiileen qindoominaa damee Kanaan hojjetaman cimanii itti fufuu akka qaban hooggantuun waajjira ministira muummee fi ministirri dhimmoota kaabinee Alamtsahaayi Phaawuloos ibsan. Sirni jalqabsiisa baatii nageenya Saayibarii biyyaalessaa 6ffaan gaggeeffamaa jira. Hooggantuun waajjira ministira muummee fi ministirri dhimmoota kaabinee Alamtsahaayi Phaawuloos ergaa dabarsaniin waggoottan jijjiiramaa darban gama hundaanuu hojiileen misoomaa milkaa’oon hojjetamaniiru. Hidha haaromsaa Itiyoophiyaa giddicha dabalatee Pirojektoonni gurguddoon eebbifaman fi eegalaman kan bayyanachuun Itiyoophiyaa jalqabamuu agarsiisan kutannoo mootummaan misooma egeree fi guddinaaf qabu qabatamaan kan agarsiisanidha jedhaniiru. Hojmaattota dijitaalaa sochii guyyuu lammiilee fi tajaajila mootummaa si’achiisan hojeessuun jijjiiramoonni qabatamaa argamuu kaasaniiru. Yeroo ammaa tajaajiloonni dhaabbileen kennaman 900 ol karaa teeknooloojii tajaajilamtootaaf kennamaa akka jiran eeraniiru. Teeknooloojii fi misoomni waliin deemu kan jedhan ministirri kun, nageenyi misoomaa eegamee akka turu gochuurratti xiyyeeffachuun hojjechuun murteessaa ta’uu ibsaniiru. Dhimmi nageenya Saayibarii birmadummaa biyyaan kan walitti hidhamu waan ta’eef hojiileen damee Kanaan hojjetaman cimanii ittifufuu akka qaban hubachiisaniiru. Kanaaf ammoo hojiileen hubannoo karaa addaddaa kennaman qooda guddaa akka qaban eeraniiru. Baatiin nageenya Saayibarii hojiilee akka biyyaatti nageenya Saayibarii irratti hojjetaman hubachiisuuf carraa kan uumuu fi hojmaata qindaa’aa dhaabbilee cimsuuf kan gargaarudha jedhaniiru. Kanaaf hojiileen nageenya Saayibarii ilaalchisuun guutuu biyyaatti raawwataman karaa bu’a qabeessa ta’een hojiirra oolchuuf hundi qoodasaa bahuu akka qabu hubachiisaniiru.
Itiyoophiyaan misooma bu’uraa dijitaalaa guddina dinagdee mandhaleef dhimma ijoo gochuun hojjechaa akka jirtu yaa’ii hooggantoota ‘COMESA’ irratti hubachiifteetti
Oct 10, 2025 400
Fulbaana 30/2018(TOI)- Itiyoophiyaan misooma bu’uraa dijitaalaa guddina dinagdee mandhaleef dhimma ijoo gochuun hojjechaa akka jirtu yaa’ii hooggantoota ‘COMESA’ irratti hubachiisuu akka dandeesse hooggantuun pirees sekreetaariyaatiin waajjira ministira muummee Billanee Siyyum ibsan. Yaa’iin hooggantoota ‘COMESA’ 24ffaan kaleessa Keeniyaa Naayiroobiitti gaggeeffameera. Ministira muummee Dr. Abiyyi Ahimad dabalatee hooggantoonni biyyoota miseensa ‘COMESA’ irraa walitti dhufan yaa’icharratti hirmaataniiru. Ministirri muummee Dr. Abiyyi Ahimad yaa’icharratti dubbii dubbataniin ajandaa fooyyessa dinagdee mandhalee Itiyoophiyaaf dijitaalaayizeeshiniin utubaa ijoo ta’uu kaasaniiru. Bu’ura misoomaa cimaa kan akka inisheetiivii leenjii koodarsii ijaaruu fi ogummaa bal’aa horachuutiin Itiyoophiyaan bu’aa quubsaa galmeessisaa akka jirtu eeruusaanii hooggantuun pirees sekreetaariyaatii waajjira ministira muummee Billanee Siyyum dubbataniiru. Carraaqqiiwwan hedduun kunneen guddinaa fi jijjiirama Itiyoophiyaa gaggeessuu fi bu’ura misoomaa dijitaalaa cimaa uumuuf kutannoo qabdu kan agarsiisan ta’uu eeraniiru. Hojiileen Itiyoophiyaan jalqabde kan akka sirna waraqaa eenyummaa biyyaalessaa fi tajaajiloota mootummaa atomeet gochuun guddina damee dijitaalaaf akka fakkeenya ijootti kan fudhataman ta’uu eeraniiru. Sagantaaleen inisheetiivii akka akka leenjii koodarsii Dargaggoonni ogummaa dijitaalaa qabaatanii damee Kanaan jijjiirama qabatamaa akka fidan kan gargaaran ta’uu ta’uu eeraniiru. Ministirri muummee dubbii dubbataniin carraaqqiiwwan dijitaalaayizeeshinii biyya keessaa bu’aa guddaa akka agarsiisan galmoota riijinii waliin walsimuu akka qabu dubbachuusaanii hoggantuun kun ibsaniiru. Itti dabaluunis, ministirri muummee dargaggoonni Afriikaa misoomaa fi guddina Ardichaaf qabeenya ijoo ta’uusaanii kaasuusaanii eeraniiru. Biyyoonni Afriikaa kennaa fi dandeettii gabbataa dargaggoota ardichaatti fayyadamuu akka qaban hubachiisaniiru.
Ispoortii
Itiyoophiyaa Madin fi magaalaan Adaamaa walqixa bahan
Oct 20, 2025 95
Onkoloolessa 10 /2018 (TOI)-Sagantaa torban jalqabaa piriimer liigii Itiyoophiyaatiin Itiyoophiyaa Madin fi magaalaan Adaamaa galchii malee walqixa bahaniiru. Tapha har’a waaree booda Istaadieemii Finfinneetti gaggeeffameen taphataan magaalaa Adaamaa Hayidar Sharafaa kaardii keelloo lamaan kaardii diimaan dirreerraa baheera. Hayidar bardheengaddaa bardheengaddaa Itiyoophiyaa Madin dursaa kilabichaa ta’uun Waancaa kan argate yoo ta’u taphataa cimaa ta’uun filatamees ture. Itiyoophiyaa Madin imala kabaja waancaa eegsisuuf taasisu qabxii buusuun eegaleera. Sagantaalee turban jalqabaa biroon magaalaan Bahaar Daar Hadiyyaa Hoosaa’inaa waliin Istaadiyeemii Finfinneetti, Midire Gannat Shiree Maqalee 70 Indartaa waliin Istaadiyeemii Hawaasaatti sa’aatii wal fakkaataa guyyaa keessaa sa’aatii 10tti nitaphatu.
Torban saddettaffaa Piriimer Liigiin Maanchastar Siitiin Everta mo’ate
Oct 18, 2025 286
Onkoloolessa 8/2018 (TOI)- Torban saddettaffaa Piriimer Liigii Ingiliziin Maanchastar Siitiin Everta 2 fi 0’n mo’ate. Tapha Istaadiyeemii Ithaaditti taphatameen Arliing Halaand goolii lachuu galcheera. Baay’inni goolii Halaand Liigichaan galche 11’n gahuun taphataa goolii baay’ee galche ta’uun itti fufeera. Akkaataa qabxii kanaatiin Maanchastar Siitiin qabxii 16’n yeroof sadarkaasaa gara tokkoffaatti dhufeera. Benleey Liidsi Yuunaayitidiin, Sandarlaand Wolvisiin qabxii wal fakkaataa 2 fi 0’n mo’ataniiru. Biraayitan Niwukaastil Yuunaayitidiin 2 fi 1’n mo’ateera. Bornimaawuz Kiristaal Paalaas 3 fi 3’n walqixa bahaniiru.
Tapha baniinsaa Piriimer Liigiitiin Itiyoo elektiriik magaalaa Shaggar Mo’ate
Oct 18, 2025 196
Onkoloolessa 8/2018 (TOI)-Tapha jalqabaa Piriimer Liigii Itiyoophiyaa bara 2018tiin Itiyoo elektiriik haaraa kan guddate magaalaa Shaggar 1 fi 0’n Mo’ateera. Tapha Istaadiyeemii Finfinneetti gaggeeffameen Abnnat Tasfaayee daqiiqaa 54ffaatti goolii Itiyoo Elektiriik ittiinmo’ate galcheera.
Cheelsiin Notingiham Foresti mo’achuun sadarkaasaa fooyyesse
Oct 18, 2025 157
Onkoloolessa 8/2018 (TOI)- Tapha jalqabaa turban saddettaffaa Piriimiyeer Liigii Ingiliziin Cheelsiin Notingiham Forestiin 3 fi 0’n mo’ateera. Tapha Siitii Giraawunditti gaggeeffameen Joosh Acheempoong, Peedrii Neetoo fi Riis Jeemsi goolii Cheelsiin ittiin mo’ate galchaniiru. Taphataan garee Cheelsii Maaloo Gustoo daqiiqaa 87ffaarratti kaardii keelloo lama arguun Kaardii diimaan taphaa ala ta’eera. Tapha Liigii Kanaan yeroo afraffaaf kan mo’ate Cheelsiin qabxii 14’n sadarkaasaa gara afraffaatti guddiseera. Gama biraatiin bara dorgommii kana yeroo shanaffaaf kan mo’ame Notingihaam Foresti qabxii shaniin sadarkaa 17rratti argama.
Eegumsa naannoofi haala qilleensaa
Oomishtummaa guddisuuf biqiltuuwwan ashaaraa magariisaan dhaabaman kunuunsuu fi eegumsa biyyoo fi bishaanii cimsuu barbaachisa
Oct 18, 2025 178
Onkoloolessa 8/2018(TOI)- Oomishtummaa guddisuuf biqiltuuwwan ashaaraa magariisaan dhaabaman kunuunsuu fi eegumsa biyyoo fi bishaanii cimsuua akka barbaachisu ibsame. Torban Sosochii kunuunsa qabeenya uumamaa naannoo Oromiyaa godina Shawaa Bahaa aanaa Lumeetti har’a eegalameera. Hoogganaan biiroo qonnaa Oromiyaa obbo Geetuu Gammachuu wayita kana akka jedhanitti, hojiiwwan kunuunsa biyyoo fi bishaanii waggoottan jijjiiramaa darban naanichatti hojjetaman oomishnii fi oomishtummaan akka dabalu, ongee fi balaa lolaa qolachuuf gargaaraniiru. Keessumaa hojiin kunuunsa biqiltoota ashaaraa magariisaan dhaabamaniif tasifamu dhiibbaa jijjiirama qilleensaa damdamachuu fi lafti qullaatti hafe akka bayyanatu, haroowwan, lageen gogan deebi’anii jallisii fi misooma garagaraaf akka oolan haala mijataa uumuu ibsaniiru. Misooma sululaa baatii bonaa ijaaraman biqiltuu ashaaraa magariisaan haguuguun fi kunuunsuun bu’aan argamuus kaasaniiru. Hojii kana fullaasuuf turban sosochii kunuunsa biqiltuu labsuun guyyaa har’aa hooggantoonnii fi hojjettoonni damee qonnaa naannichaa godina Shawaa bahaatti eegalchiisuusaanii eeraniiru. Kunuunsa biqiltuu Kanaan aramuu, qofforuu fi bishaan obaasuun biqiltuuwwan baatii bonaa akka damdamatan hojjechuu barbaachisa jedhaniiru. Sagantaa jalqabsiisa sosochii irratti kan hirmaatan Kadir Mahaammad yaada kennaniin, biqiltuuwwan waggoottan sadan dhaabaman kunuunsuun akka guddatan gochuusaanii ibsaniiru. Biqiltuu dhaabuun qofti galma waan hintaaneef yeroo yeroon kunuunsuun bu’aaf geessisuu qabna jedhaniiru. Zarfee Maammoo gamasheetiin, dhiibbaa jijjiirama qilleensaatiin adda durummaan kan miidhaman dubartoota waan ta’aniif furmaata kanaaf kan ta’u waggoottan toorba darban biqiltuu dhaabuu fi kunuunsuurratti hirmaachuusaanii dubbataniru.
Itiyoophiyaan misooma magariisaan carraa hojii uumuurratti hojii bu’a qabeessa raawwachaa jirti
Oct 16, 2025 242
Onkoloolessa 6/2018(TOI)-Itiyoophiyaanmisooma magariisaaf xiyyeeffannoo guddaa kennuun eegumsa naannoon alatti carraa hojii olaanaa uumuun Afriikaatti hojii adda duree hojjechaa akka jirtu ibsame. Kun kan ibsame waltajjii qo’annoon inistiitiyuutii qo’annoo imaammataa mata duree “carraalee hojii magariisaa fi dargaggoota”jedhuun qo’atame qooda fudhattoonni garagaraa argaman ifoomerrattidha. Pirezidaantiin waldaa oogeessota Ikonomiksii Itiyoophitaa fi dursaan qo’annichaa Piroofeesar Xaasoo Waldahaannaa akka ibsanitti, carraan hojii misooma magariisaan uumamu fulla’insa naannawaa mirkaneessuun gamatti dargaggootaaf carraa hojii olaanaa uumuu irratti qooda murteessaa qaba. Fuulduratti carraa hojii misooma magariisaan uumamu sektaroota hunda keessatti bal’isuun fayyadama carraa hojii dargaggootaa mirkaneessuu akkasumas misooma magariisaa caalaatti guddisuun akka barbaachisu ibsaniiru. Kanaaf keessumaa leenjiiwwan damee teekniikaa fi ogummaan carraa hojii uuman xiyyeeffannoo barbaachisu akka argatan akkasumas imaammattoota keessatti xiyyeeffannoon addaa akka kennamuuf gochuun jajjabaachuu akka qaban dubbataniiru. Itti aanaan daarektara muummee inistiitiyuutii qo’annoo imaammataa Allebal Dasee gamasaaniin, qo’annoon kun tarsiimoowwan guddina magariisaa Itiyoophiyaa karoora bobbii hojii dargaggootaa akka deeggaru eeraniiru. Argannoowwan gara imaammattootaa fi sagantaawwan qabatamaatti akka hiikaman waajjiraalee mootummaa dhimmi ilaaluu fi deeggartoota misoomaa waliin fuulduratti akka irratti hojjetamu dubbataniiru. Inistiitiyuutichi leenjii ogummaa hojiilee magariisaa eegumsa naannoo cimsu irratti xiyyeeffannaan hojjechaa akka jiru kan ibsan ammoo inistiitiyuutii leenjii teekiniikaa fi ogummaa federaalaatti daarektarri dhimmoota Akkaadaamiikii Dr. Gannanaa Abbabaati. Fuulduras hojii magariisaa caalaatti babal’isuuf keessumaa waajjiraalee qacartootaa fi dhaabbilee biroorratti hojii hubannoo cimsuun nibarbaachisa jedhaniiru.
Godina Wallagga Lixaatti kunuunsi Biqiltuuwwan ganna dhaabamaniif taasifamu itti fufeera
Oct 11, 2025 476
Onkoloolessa 1/2018 (TOI)- Godina Wallagga Lixaatti kunuunsi Biqiltuuwwan ganna dhaabamaniif taasifamu itti fufuusaa waajjirri qonnaa godinichaa beeksise. Hoogganaan waajjira godina Wallagga Lixaa obbo Fayyisaa Hambisaa akka ibsanitti, waggoottan walitti aanan darban godinichatti sagantaa ashaaraa magariisaan biqiltuuwwan faayidaa garagaraa qaban dhaabamaniiru. Biqiltuuwwan waggoottan darban dhaabaman bu’a qabeessa akka ta’an jiraattonni godinichaa kunuunsaa akka jiran dubbataniiru. Keessumaa kunuunsi biqiltuuwwan ganna darbe sagantaa ashaaraa magariisaan dhaababaniif taasifamu cimee gaggeeffamaa jira jedhaniiru. Walumaa gala biqiltuuwwan waggoottan darban sagantaa ashaaraa magariisaan godinichatti dhaabaman naannawicha magariisaan guutuurra darbee hojii qonnaafis deeggarsa gochaa akka jiran ibsaniiru. Biqiltuu kunuunsuurratti kan argman keessaa adde Leellisee Birhaanuu, biqiltuuwwan baatii gannaa asharaa magariisaan dhaabaman kunuunsaa akka jiran dubbataniiru. Biqiltuuwwan waggoottan darban sagantaa ashaaraa magariisaan naannawasaaniitti dhaabamaniin jijjiiramni qabatamaa dhufaa jiraachuu waan hubataniif ammas kunuunsa cimsaa jiraachuu eeraniiru. Obbo Garramuu Nagaraa gamasaaniin, biqiltuuwwan dhaabaman akka guddatan qoodasaanii bahaa akka jiran dubbataniiru. Hundi naannawasaatti Biqiltuu kunuunsuun guddisuu qaba kan jedhan ammoo obbo Natsaannat Abbabaa yoo ta’an biqiltuuwwan waggoottan darban dhaabaman faayidaa garagaraa kennaa akka jiran ibsaniiru.
Tarkaanfii fi kutannoon Itiyoophiyaan qulqullina qilleensaa fooyyessuuf fudhatte dinqisiisaadha
Sep 25, 2025 1115
Fulbaana 15/2018(TOI)- Tarkaanfii fi kutannoon cimaan Itiyoophiyaan qulqullina qilleensaa fooyyessuuf qabdu dinqisiisaadha jechuun ibse inistiitiyuutiin dhaabbata qorataa idil addunyaa Istookhoolm Invaaronment ibse. Qulqullinni qilleensaa qilleensi ammam faalamarraa bilisa? Kan jedhu kan ittiin safaramudha. Biyyoonnii fi dhaabbileen safartuuwwan qulqullina qilleensaa qopheessuun qilleensi qulqulloodha moo faalameera kan jedhu madaaluun qulqullinasaa fooyyessuuf nihojjetu. Qulqullinni qilleensaa fooyya’uunsaa dhibeef saaxilamuu hir’isuuf, qilleensa naannawaa eeguu fi jijjiirama haala qilleensaa ittisuuf qooda murteessaa qaba. Inistiitiyuutiin Istookhoolm Invaaromentaal A.L.Atti bara 1989 hundeeffame qormaattonni haala qilleensaa, qilleensa naannawaa fi misooma fulla’aa akka furaman yaada saayinsaawaa qorannoo fi qu’annoo nidhiheessa, deeggarsa gabbisa dandeettii nitaasisa. Deeggarsa dhaabbanni imaammata Saayinsii idil addunyaa taasisu keessaa biyyoonni qulqullina qilleensaa akka fooyyessan deeggaruudha. Inistiitiyuutii Istookhoolm Invaaromentaalitti ogeessii fi qorataan qulqullina qilleensaa Nigongangi Waanjii Danub turtii TOI waliin taasisaniin, Kutannoo cimaa Itiyoophiyaan qulqullina qilleensaa fooyyessuuf qabdu dinqisiifataniiru. Itiyoophiyaan qulqullina qilleensaa ilaalchisee yeroo yerootti odeeffannoo walitti qabuun dursuun faalama ittisuuf hojiin itti jirtu jajjabeessaadha jdhaniiru. Odeeffannoowwan sadarkaa dhaabbataatti galtee imaammataaf oolchuuf kutannoo jiru dinqisiifataniiru. Karoora bulchiinsa qulqullina qilleensaa fi qulqullinni ittiin to’atamu qopheessuunfaalama qilleensaa dursaan ittisuuf akka dandeessisu dubbataniiru. Inistiitiyuutichi hojii abbaan taayitaa eegumsa naannoo bulchiinsa magaalaa Finfinnee magaalichatti odeeffannoo qulqullina qilleensaa walitti qabuu fi to’annoo qulqullina qilleensaa hojjechaa jiru deeggaraa akka jiru ogeessi kun ibsaniiru. Teeknooloojiiwwan Inistiitiyuutiin hubannoo namtolchee Itiyoophiyaa hojjetu dabalatee Humna Itiyoophiyaan dhaabbilee garagaraa keessatti qabdu odeeffannoowwan qulqullina qilleensaa yeroo yerootti walitti qabuun faalama hir’isuuf cimtee hojjechuu akka qabdu gorsaniiru. Qulqullina Qilleensaa fi odeeffannoo haala qilleensaa haala Qindaa’een fayyadamauun faalama ittisuurratti bu’aa hunda galeessafiduuf hojjechuun akka malu hubachiisaniiru. Invaarometaal Inistitiyuutii Istookholmi Itiyoophiyaa dabalatee sadarkaawwan qulqullina qilleensa biyyoota Afriikaa akka fooyyessan deeggarsa gochaa jiraachuu ibsaniiru. Sadarkaa safartuu qulqullina Qilleensa biyyoolessaa fi hojiirra oolmaa imaammataa fi deeggarsa gabbisa dandeettii kennaa jiraachuu eeraniiru. Odeeffannoo Qulqullina Qilleensaa biyyoota Afriikaa haala qilleensa biyyoolessaa waliin walitti hidhuurratti akka argamu ogeessi kun ibsaniiru. Biyyoon buufata raaga haala Qilleensaasaaniitti odeeffannoo haala qilleensasaanii waliin odeeffannoo haala qilleensa walitti hidhanii fayyadamuun bu’aa barbaadamu fiduuf akka hojjetanii fi cehumsa gara Dinagdee Magariisaatti taassisan akka saffisiisan hubachiisaniiru. Dhimmi qulqullina qilleensa Afriikaa caasaa dhaabbataa fi hammattoo imaammataan dabaluuf hojii eegalan cimsanii akka itti fufan waamicha dhiheessaniiru.
Gabaasa addaa
Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifama
Dec 7, 2024 7945
Sadaasa 27/2017(TOI) - Humna elektirikii guutuu biyyattiitti addaan cite deebisuuf tattaaffiin taasifamaa jiraachuu Humni Elektiriikii Itoophiyaa beeksise. Har'a galgala kana tasgabbii dhabuu sistamaatiin rakkoo mudateen guutuu biyyattiitti humni elektirikii addaan citeera. Rakkoo kana hiikuufi humnicha deebisuuf buufatalee maddoota humnaafi raabsaatti tattaaffiin olaanaa taasifamaa jira. Rakkoo umame Humni Elektiriikii Itoophiyaa hiikee hanga bakkasaatti deebisutti obsaan akka nu eegdan kabajaan gaafachaa, odeeffannoowwan jiran hatattaamaan kan isiniin biraan geenyu ta'a jechuun Tajaajilli Elektiriikii Itoophiy karaa miidiyaa hawaasummaa isaa beeksiseera.
Hoggantoonni hojii bulchiinsa magaalaa Finfinnee balaa Ibiddaa Markaatoo naannaawwa Shammaa taraa jedhamutti mudateen miidhaa qaqqabe daawwata.
Oct 22, 2024 6450
Onkoloolessa 12/2017(TOI) - Hoggantoonni hojii bulchiinsa magaalaa Finfinnee balaa Ibiddaa Markaatoo naannaawwa Shammaa taraa jedhamutti mudateen miidhaa qabeenyarra gahee bakkatti argamuun ilaalaniiru. Paartii Badhaadhinaatti hogganaan damee wajjira Finfinnee obbo Mogas Baalchaa wayita kana akka himanitti; gamoo balaan ibiddaa irratti mudatee qaama isaa gar tokko balaa kanarraa baraaruun danda'ameera. Kutaaleen hawaasaa fi qaamoleen nageenyaa karaa qindaa'een balaa kana to'achuu fi balaan kun gara biraatti akka hin babal'anneef hojii hojjetaniif galateeffataniiru. Bulchiinsi magaalichaa balaa ibiddaa mudate kanaan kanneen miidhaman deebisee dhaabuuf xiyyeeffannoon akka hojjetu obbo Mogos Baalchaa ibsuu isaanii Odeeffannoon Waajjira Kantiibaarra argame ni mul'isa.